Dataset Preview Go to dataset viewer
gem_id (string)url (string)title (string)summary (string)text (string)
GEM-xlsum_oromo-train-1
https://www.bbc.com/afaanoromoo/51346519
'Olaantummaa seeraa kabachiisuun uummata nagaa ajjeesuu jechuu miti'- ABO
''Namni naannoo keenyaa yoomiin du'a, eessattiin du'a jechaa deema'' jedhu dargaggoonni Godina Wallaga Lixaa Aanaa Anfilloo jiraatan. Dhaabbileen siyaasa Oromoo ammoo mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu wayita fudhatuutti namoota nagaa miidhuurraa akka of qusatu gaafataniiru.
Dargaggoon Aanaa Anfilloo ganda Doollaa durbiin isaa lama Raayyaa Ittisa Biyyaan ajjeefamuu BBC'tti himeera. Kana malees, miseensi KFO obbo Jawaar Mohaammad Najjootti waraanni mootummaa durbii hooggansa paartii KFO, Obbo Baqqalaa Garbaa lama ajjeesuu fuula feesbuukii isaaniirratti ganama kana barreessaniiru. ''Ajjeechaan kun bakka lolli hin jirreetti, namoota hidhannoo hin qabnerratti gaggeefamaa jira'' jechuunis barreessan. Kabaja ayyaana Qilleef maatii isaa aanaa Anfilloo keessa jiran dubbisee Naannoo Beenishaangulitti deebi'uu kan dubbatu dargaggoon maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanneefi kan BBC'n dubbise tokko, yeroo achi tures haalli nageenyaa turetti yaaddessaa akka ta'u hima. ''Uumatni hundinuu dargaggeessa of biraa qabu ariyee, maanguddootaafi harmoolii qofaatu jira.'' Durbiin isaa lamaan harmee isaanii fuulduratti ajeefamuun dhagahe kan jedhu dargaggoon kun, isa dura naannoo Muggiitti nama sadii ajjeesanii akka ture odeeffannoo qabaachu dubbateera. Haala nageenyaa keessumaa wallagga Lixaa naannoo Afillootti hammateen, namoonni baayyeen harki caalaan dargaggoota ta'an qe'ee isaanii dhiisanii naannoo fi godinaalee ollaa nageenya qabanitti baqachaa akka jiran odeeffaneerra. Jiraataan aanaa Anfilloo maqaa isaa dhokfachuu barbaade BBC'n dubbise kan biroon dhiyeenya kana dargaggoota biroo 10 ta'an waliin ''ijoollee baayyeen naannoo isaaniitti waan ajjeefamaniif'' sodaatanii gara Gambellaa baqachuu himeera. ''Warri Raayyaa Ittisa Biyyaa dargaggeessa yoo argan dhaabbadhu jedhu; dhaabataniis ta'e baqataniis hin dhiisanii'' jedha. ''Namni naannoo keenyaa yoomiin du'a, eessattin du'a jechaa deema malee abdiin nan jiraadha jedhu hin jiru. Keessumaa naannoo Muggiitti duutii hin oolu'' jedha. Dargaggeessa waan ta'eef maatiin isaa akka inni jalaa hin miidhamneef soodaatanii akka baqatu isa dhiibuu dubbata. Komii Raayyaan Ittisa biyyaa uummata nagaa hidhannoo waraanaa hin qabne adamsee ajjeesaa jira jedhamuun jiraattotaafi dhaabbilee siyaasaa mormituurraa dhiyaatuuf deebii akka nuu kennan deddeebisnee yaallus deebii hin arganne. Torban muraasa dura kan dubbifne hooggansi paartii badhaadhinaa obbo Taayyee Danda'aa rakkoon nageenyaa lixa Oromiyaatti mul'ataa jiru yeroo gabaabaatti waan karaa qabatuuf wanti nama yaaddessu hin jiru jedhanii ture. Mootummaan sababa miidhama uummatarra gaheen komatamaa turuufi yeroo ammaas Lixa Oromiyaa naannoo qaamni hidhate socho'u jirutti hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu bu'uura uummanni gaafateen hojjetama jira jedha. Marartee ummata sanaa nucaala namni qabaatu hin jiru kan jedhan Obbo Taayyeen, wanti akka mootummaan uummata keenya Wallaggaa miidhaa jira jedhame hafarfamu kijiba jedhan. Boombii tokkotti qarshii 15,000 Ijoolleen mandara keessa deemanii WBO' tu nu erge jechuun bakka sochiin qaamolee nageenyaa jirutti boombii darbatan akka jiranis hima dargaggoon kun. ''Mana nama gidduu taa'anii gocha kana raawwatuu, achiin uummatni yoo itti dubbatu WBO'tu nu erge jedhu. Uummatni immoo ni sodaata. Bakka boombiin darbatamutti Raayyaan Ittisaa dhufee nama lama sadii ajjeesu malee hin deemu,'' jechuun haala jiru hima. ''Ijoolleen naannoo keenyaas naannoo Muggiirraa dhufanii meeshaa fi boombii hidhatan WBO ofiin jedhu osoodhuma beeknuu akka isaanittis Raayyaa Ittisa Biyyaattis dubbannu hin qabnuu'' jechuun jiraattoonni haala rakkisaa ta'ee keessa jiraachu dubbata. Ijoollee xixiqqootu dhokatee gabaa fa'itti boombii darbata. Raayyaan Ittisaammoo dhufee uummatatti dhukaasa. Sababa kanaan namni gabaa bahuulleen baayyee sodaata jedha. Ijoolleen boombii darbatan kunneenis qama maallaqa isaaniif kennutu duuba jiraa jedha. ''Boombi tokko yoo darbatan birrii 15,000 isinii kennina jedhamanii gocha kana raawwatuu.'' Abbootiin yoo ijoollee kanatti dubbatan meeshaa itti qabanii sodaachisu, ni reebuus jedha. Ajjeechaawwan hedduu raawwatamaa jira jedhamu kan raawwatu Raayyaa Ittisa Biyyaatii kan jedhu dargaggoon kun, ''sababni ajjeechaa kana hammeessu ammo ijoollee hidhattee maallaqaaf jecha dhokachuun naannoo raayyan ittisaa jiruttu boombii dhukaaftudha'' jedha. Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo maal jedhu? Dubbii himaan ABO obbo Qajeelaa Mardaasaa keessumaa Qeellama Wallaggaa keessatti namni ajjeefamaa, rakkoo gurguddaan jiraachuu dhagahaa jirra jedhu. Uummatni maaf nutti callistuu jedha. Kana furmaata gochuu kan danda'u ammoo mootummaadha jedhu. Dhimma kanarratti walgahii dhaaba biyya bulchu waliin qabnurratti gaaffii keenya dhiyeessaa kan jirru ta'uus, rakkinichi furmaata dhabee dararaan uummatarra dheerateera jedhu. 'Gochi mirga namoomaa sarbuu lixa Oromiyaatti mul'achaa jiru dhaabbachuu qaba' Haala Lixa Oromiyaa jiru odeeffachuudhaafis bilbilliifi Intarneetni adda cituun, ''cabiinsa mirga dhala namaati'' jedhan. Mootummaan Olaantummaa seeraa kabachiisuttin jira jedha kan jedhan obbo Qajeelaan, ''Olaantummaa seeraa jechuun uummata nagaa miidhuu hidhuu ajjeesuu jechuu miti. Namni yoo badii qabaate seeraan gaafatama malee badii tokko malee hin ajjeefamuu'' jedhan. ''Waraana isa hidhatee bosona jira jedhamu waliin lolli bifa kamiyyuu yoo deeme sanarraa rakkoo hin qabnuu waan sanaa ala ta'uudha kan nuti balaalefachaa jirru.'' Mootummaan waa'een namoota nagaa miidhamaa jiraniif itti gaafatamummaan itti dhagaahamuu qabaa kan jedhan ammoo Hoogganaa waajira KFO obbo Xurunaa Gamtaati. Qonnaan bulaa fi barattoota adamsanii ajjesuun hedduu nu yaadesseeraa kan jedhan obbo Xurunaan mootumman ammaas rakkoo kana warra hidhatee socho'u kara nagaattii fiduuf osoo waliin mariyatee wayyaa jedhani. Haala deemaa jirutti ''KFO'n baayyee gaddaa'' jedhan.
GEM-xlsum_oromo-train-2
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56165055
Qaama miidhamtuu dorgommii imala gara hawaa mo'atte
Shamarreen ganna 29 Hayley Arceneaux, nama jalqabaa dhibee kaansarii lafee irraa dandamachuun qorattuu samii taate. Isheen nama jalqabaa osoo lafeenshee meeshaa namtolcheen utubamee jiruu (qaama miidhamtuu), hawaa daawwatte. Nama umrii xiqqoo jalqabaa Ameerikaa dachee naanna'uuf jirtu.
Dhibee kaansarii irraa kan dandamatte Hayley Arceneaux, bara kana yoo gara hawaa imaluun milkoofte waan baay'eedhaan nama jalqabaa taati Namni waan hedduudhaan kan jalqabaa taate kun shamarree umrii waggaa 29 Hayley Arceneaux jedhamtuudha. Kaayyoonshee kun yoo fiixaan ba'eef waan hedduudhaan nama jalqabaa taati. Hakiima gargaartuu kan taate shamarreen kun, Amajjii darbe ture garee imala gara hawaa kan namni hunduu itti hirmaachuu danda'utti seenuuf kan filatamte. Shamarree Arceneaux jalqaba wayita filatamte qiliixamsuu guddoo keessa turte, garuu afaanshee qabattee teesse, dubbachuu hin barbaanne. "Ji'a tokkoo fi walakkaaf waan na quunname kana akka iccitiitti qabadheen ture. Ammaan tana garuu addunyaaf qooduu nan danda'a'' jechuun BBC'tti himte. Gara hawaa akka imaltuuf calalamuunshee kan itti himame Wiixata kaleessaa ture. Kan beeksise ammoo hospitaala daa'immanii fi qorannoo fayyaa 'St Jude' jedhamu kan bulchiinsa Tennessee, Memphis keessatti argamudha. Arcebeaux daa'ima taatee wayita kaansarii lafee dhukkubsattu hospitaala kanatti yaalamaa turte, boodarrammoo hakiima taatee hospitaala kana keessaa hojjechuu eegalte. Bara kana gara dhumaatti rookeetii Falcon 9 jedhamtuun Filooriidaa irraa gara hawaa imalti. Rookeetiin kana kan hojjete SpaceX dha, SpaceX kan abbaa qabeenyaa beekamaa Elon Musk jedhamuuti "Imalli kiyya kun namoota hedduu kallattii garaagaraan onnachiisuu danda'a. Wanti hundinuu akka danda'amu itti agarsiisa'' jette Ms Arceneaux. Shamarree Arceneaux hospitaala itti yaalamaa turte keessa hojjechaa turte Shamarree Arceneaux umriishee waggaa 10'tti dhibee kaansarii lafeen qabamtee hospitaala St Jude seente. Hospitaala kanatti yeroo dheeraaf yaalamaa turte, yaalii Chemotherapy fudhachaa turte, lafeenshee garmalee miidhame kan namtolcheen bakka bu'eeraaf. Arceneaux daa'imummaasheetti dhibee kaansariin qabamte Shamarreen kun sababa lafeen luka ishee kan namtolcheen bakka bu'eef qaama hir'uudha jedhamtee bakka yeroo mara yaadduu fi hawwitu, Nasa seenuun gara hawaa imaluu hanqattee turte. Dhaabbati qorannoo hawaa kun nama fayyaa guutuu qabu qofa fudhata waan ta'eef. Imalli gara hawaa nama dhuunfaadhaan jalqabamuun garuu Arceneaux'f daandii saaqe, abdii guddaa ta'eef. ''Osoo sagantaa imala gara hawaa kun hin eegalamne ta'ee an nama gara hawaa imalu hin ta'un ture. Sagantaan kun namoonni qaama guutuu hin taane akka gara hawaa imalaniif daandii saaqeera'' jette. Imalli kun namoota dhibee kaansarii dhukkubsatan baay'eef kaka'umsa ta'a jetti Arceneaux Akka rakkoo ijoollummaasheetti argiteef, waa'een gara hawaa imaluu hafee lubbuun turuufuu abdiin hin turre. Garuu amma milkoofteetti, gara hawaa imaluuf qophoofteetti, hawaasa kaansarii dhukkubsatu bakka bu'een imala jetti. "Hawaasa kaansarii dhukkubsatuu fi irraa dandamate bakka bu'uuun kabaja guddaadha. Anis hanga yeroo dhiyootti dhukkubsattuu kaansarariin ture. Amma kunoo isaan bakka bu'een gara hawaa imala. Kun anaaf gammachuu guddaadha'' jetti. "Wayita kaansarii dhukkubsattee yaalamtu wanti yaaddu lubbuun jiraachuu keeti. Fuulduratti waa yaaduun hin jiru. Milkaa'inni kiyya kun garuu namoonni kaansarii dhukkubsatan akka gara fuulduraatti waan abdii itti horu yaadan kan godhuudha'' jette Arceneaux.
GEM-xlsum_oromo-train-3
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42532212
Ibsa koree hojii raawwachiftu ADWUI irratti qabxiilee muraasa
Walgahiin koree hojii raawwachiftuu ADWUI guyoota 17 fudhachuun haala cufaa ta'een gaggeefamaa turee fi murteewwan furtuu dabarsa jedhamee eegamaa turees, xumura torban darbee irratti ibsa jechoota hedduutiin xumura isaa beeksiseera.
ibsi koree hojii raawwachiftu haala mummeen dhimmoota akka sochiilee ummata jeeqan to'achuu, lammiilee buqa'an dhaabuu, dhaabbileen miseensaa iftoomaa fi ittigaafatamummaa akka cimsanii, tajaajilawwan motummaa irratti jijjirama fiduu, ummata, haayyuleefi paartilee mormitootaa hirmaachisuu, mirgoota dimokraasummaa fi namoomaa kabachisuufi kan kan fakkaatan hamatera. Erga ibsichi baheen boodas namoonni hedduun haala qabiyyee isaarratti marii taasisaa jiru. Yadni ibsichaa tokko tokkoos gaaffii kaasu isaanitiin alatti hiikawwan adda addaa itti kennamaa jira. Qaamooleen ibsi koreen kun baasee akka qabxiilee furtuu haala yeroo akka kaasuu eegaa turan jiran, kuun ammoo hanga eegamee miti kan jedhan jiru. Keessattuu yaadni ''hariiroo qajeelfama dhabeessa'' jedhamuun kaa'amee kan namoota hedduu burjaajjeessee fi jecha hiikkaawwan garaa garaatiif saaxilameedha. Kana malees, ''dhaabbilee midiyaa motummaa fi dhuunfaa ''gocha badiinsaa'' irratti hirmaatan haala itti ofi sirreessan mijeessuuf tarkaanfii qindaa'aan akka fudhatamu eeramuunsaa dhimma wal nama gaafachise kan biraa ta'eera. Qabiyyee Ibsichaa Yunivarsitii Finfinneetti Profeesara gargaraa seenaafi ogbarruu kan ta'an Obbo Ababaawu Ayaaleew, sababii adda addaatiin waan ibsicha irraa eeganii turan argachu hindandeenye. Kanaafis sababii yoo eeran, ittigaafatamtoonni motummaa haasawa midiyaalee adda addaarratti taasisaniin, waa'ee Itoophiyanummaa keenyaa dhiisuun irra caala dhimma adda addummaa keenya irratti xiyyeefannaa kennineera jedhu fakkaatu dhagahusaani akka ta'e kaasu. "Jarreen kunis dhimma kanarratti itti yaaduun qabxii tokko irra ni gahu jedhee yaaadeen ture,'' jechuun BBC'tti himaniiru. Garuu ibsichi waa'ee Itoophiyaanummaa dhisuun kan dhimma sanyii fi dhimma dhaabbaa qofa irratti xiyyeefateedha, jedhu. "Waa'ee dhaabaa malee biyyattiin garam deemaa jirtii kan jedhuu hinagarsiifne,'' kan jedhan Obbo Ababaaw, ''dhugumattis ibsichi walitti bu'insa dhaabbilee jiddu jiru hiikuuf malee haala biyyattiin amma keessatti argamtu gadi fageenyaa ilaaluun furmaata kan kaa'ee miti,'' jedhaniiru. Dr Daanyaachaw Asaffaa barsiisaan falaasamaa gama isaanitiin, wanti ummanni Itoophiyaa eegaa jiruuf ibsichii gar gari jedhaniiru. Gaaffiin uummataan ka'aa jiru naannoo qabxii dhumaati kan jedhan Dr Daanyaachaw, ibsichi garuu dhimmoota kanneen ilaalurra akka waan biyyattii keessatti rakkooleefi mudannoowwan xixiqqoon ta'anitti kan fakkeesseedha jedhu. Yunivarsitii Ambootti barsiisaaf barreessaa kan ta'e obbo Siyum Tashoma gama isaatiin akkuma Dr Daanyachaw ibsichi piroppaagaandaa paartii barameedha jedhaniiru. "Miseensoonni koree hojii raawwachiftuu kanaa hanga fedhii biyya keessa jiru ukkamsuu kaayyoo taasifachuun walitti qabamanitti, isaan irraa omaa hineegu,'' kan jedhan obbo Siyuum, 'humna sochii jijiramaa kana ukkaamsu barbaaduuf guyyoota 17 dhiisitii waggoota 17 osoo walgahanii jijirama hinfidan. Kunis sababii jijjiramichi haala adeemsa umama isaa hordofuun kan dhufe ta'eefu,'' jedhaniiru. Akkasumas ittigaafatamaan qunnamtii ummataafi hojii raawwachisaa paartii madirak kan ta'an obbo Mulaatu gammachus, ibsichi kan uummanni keenya eegu miti jedhaniiru. Ummatichi jechaa kan jiruu 'jijjirama sirnaatu nu barbaachisa' kan jedhu yoo ta'u, ibsichi garu waa'ee jijjirama suphaa dubbata. Kana malees, haala biyyattii keessatti argamtu hiikuuf qaamulee adda addaa waliin marii'achuun ala akka waan waldhabdeen namoota dhunfaa waliin jiru fakkeessuun balleessaa keenya fudhaa jirra. Sirreefama akkasii taasifne jechuun furmaata hin ta'u. Sochiilee qabsoo ummata keenyaafis deebii hinkennu jechuun dubbataniiru. ADWUI waggoota 26 darban guutuu balleesne jirra jechuun ummaticha irraa fudhata argachuuf yaalaa turee jira. haa ta'u malee kana akka malaatti fayyadamuun jijjirama fiduu dhiisuun, ummatichaafis ta'ee carraa biyyattii kan gara fuuladuraatiif bu'aa kan qabaatu hinta'u jechuun dubbatu. Kana dhiisuun biyyattiifi paartii isaanii baraaruuf, waan ummatichi gaafateef deebii kennuun barbaachisaa ture jedhaniiru. Kun ammoo haala nagaatiin taayitaan akka wal harkaa hinfudhamneef karra kan cufuudhas jedhaniiru. Midiyaalee hawaasaa keesatti hirmaachuun yeroo baayyee ijjannoo motummaa deegaruun kan beekaman Obbo Zaraayi Hayilamaariyaam ammo, ibsi dhaabbaticha akka kan duraa jechootaan kan gutameefi haala biyyattiin keessatti argantu kan xiyyeefannaa keessa hin galchiin osoo hintaane, kan haala gadaanaa biyyattiifi ummatichi keessa galan ifatti kan agarsiise waan ta'eef, ''itti gamadeera'' jedheera. Haaluma ibsa ADWUI baaseetiin oggantoota olaaloo irraatti tarkaanfii fudhachuu gara hojiitti hinkiku yoo ta'e garuu ibsichi waraqaa ta'uurra ce'uun hiikaa hinqabaatu jedhaniiru. Hariiroo qajeelfama hin qabne Akka obbo Zaraayiittis garummaa hariiroo kaayyoo malee jechuun, gareewwan yaadaafi kaayyoodhaan walitti dhufeenya hinqabne garuu bu'aa yerootiin yoo walittti michooman kan umamuudha. Dhaabbileen biyyaaleessaa ADWUI kanaaf saaxilamtoota ta'uun turuunsaanii fi ibsawwan midiyaalee oggananiin kennaa turan yadataniiru. "Sababii dhuunfaa oggantoota adda bilisa baasaa ummattota Tigireefi Sochii dimokraasii ummata Amaaraa jiduutti umameen, oggantoonni adda bilisa baasaa ummattota Tigiree ummata Amaaraa akka ummata ofiitti waan hinilaalleef, akkasumas dhaabni Sochii dimokraasii ummata Amaaraa sadarkaa ummata tigree akka kan ofiitti hinilaallee irra gahameera,'' jedhu. Kana malees, haaluma walfakkaatuun oggantoonni DhDUO fi somalee Itoophiyaa adeemsa ADWUI tiin ala amma waraana biyyoota lamaanii fakkaatuutti midiyaalee tamsaasaa turaniiru, jedhuun Obbo Zaraayii oggantoonni dhaabbilee biyyaaleessa hariiroo kaayyoo maleetiif saaxilamu isaanii ibsu. Akka obbo Abbabaan jedhanitti ibsichi hariiroowwan qajeelfama hin qabne wayita jedhu dhaabbileen biyyaalesssaa lama beekamtii ADWUI alatti michummaa kamiyyuu uumuu akka hin dandeenye akka ta'e beekamaadha. Hariiroon hawaasummaa akkasumas dhaabaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa gidduutti cimuunsaa dhiibbaa siyaasaa nurratti uuma jedhanii warri yaadan jiraachuu agarsiisa jedhu. "Saboota kunneen lamaan gidduutti hariiroon garlamee karaan itti dhowwamu hin jiru. Kunimmoo waggoota 25nan darbaniif daandii irra deemamaa ture gaaffii keessa kan galchu, gaaffiis kan itti uumu natti fakkaata,'' jedhan obbo Ababaawu. Ibsichi michummaa Amaaraa fi Oromootti bishaan naqe kan jedhan Dr. Daanyaachew namni jedhaman ammoo kan waraanaan argame hariiroo qajeeltoo qabu ta'ee kan fedhii fi jaalala ummataarratti bu'eerrafame akkamiin qajeelto-maleessa jedhama jechuun gaaffii kaasu. Obbo Siyyum namni jedhamanis akkuma Dr. Daanyaachew yaadichaan mormu. ''Biyya tokko keessatti saboonni sirna tokko qaban, seenaansaanii walitti hidhatu egereensaanii kan waliin ta'u,dhimma walitti isaan fidurratti mari'atanii hariiroosaanii cimsuuf yaaluun akkamitti gochaa qajeeltoo hin qabne jedhamuu danda'a jennee gaafachuu barbaachisa,'' jedhan. Egaan qajeeltochi maali jennee yoo gaafanne kan Kanaan dura addaddummaa dhaadhessaa ture jechuu akka ta'e hubanna, innis paartii ADWUIdhaan kan durfamu jechuudha jedhaniiru. Akka yaada Obbo Siyyumitti namni saboota lamaan gargar baasuu barbaadu isicha sirna Appaartaayidii diriirsee haaloo qabachuurraa fayyadamuuf yaada qabuudha. Saboonni akka hariiroosaanii hin cimsine ,akka gargar ba'an kan barbaaduu fi yoo michooman tarkaanfiin fudha kan jedhu nageenyummaadhaaf mitis jedhaniiru obbo Siyyum. Akka Obbo Mulaatitti ammoo hariiroo saboota gidduutti uumamu qofa osoo hin taane ibsicha aantummaa ummataas waan abaaruuf ummatarratti akka xiyyeeffatan agarsiisa. "Miidiyaalee badii gabaasan" Dhaabileen midiyaa motummaa fi dhuunfaa sirna heera motummaa gara cinaatti dhiisuun shakkii saboota jidduutti uumuu keessatti hirmaata turan sirreesuu kaasee, gaazexessitooti dhimmicha keessatti hirmaannaa kallattii taasisaa turanis ta'ee oggantoonni gara man murtiitti geeffamuun tarkaanfiin irratti fudhatamu akka danda'u obbo Zaraayii ni dubbatu. Akka Dr. Danyaachaw jedhanitti miidiyaan tokko tokko akka of sirreessan kan akeekkachiisu paartiin biyya bulchaa jiru waan hunda akka to'atuu fi deebi'eemmoo miidiyaan hundi afaansaanii ta'uun waan isaan barbaadan qofa akka gabaasu barbaaduusaanii agarsiisa. Kanaan booda miidiyaan kamiyyuu waanti paartichaan hojjetamu hunduu sirrii akka ta'e akka gabaasanii fi walabummaa miidiyaa xiqqooshee mul'achaa jiru deebisanii akka cufan kan agrsiisu ta'uus ibsaniiru. Obbo Siyum yaada Dr. Daanyaachaw irratti walii galu,''ADWUIn yaada biraa dhagayuuf qophii hin qabu. Yeroo dhihoo asitti miidiyaa komii hawaasaa keessummeessaa jiranitti akka hin gammadne agrsiisa yaadi kun,''jedhan. Yaadni kennamu mataasaatti hookkara akka hin taane kan dubbatan Obbo Siyyum , hinumaa qaawwaa jiru akka duuchaniif karaa itti agarsiisa jedhan. Yeroo ammaa kana miidiyaan naannolee afaan Paartii isaanii ta'uu keessaa ba'anii komii hawaasaa keessummeessaa jiraachuu kan dubbatan Obbo Ababaawu, kana akkamiin hojjetan kan jedhus tarii nama shakkisiisuu mala. Tarii Kanaan booda waan ADWUIn barbaadu qofa hojjechuu malu jedhaniiru. Akka Obbo Mulaatuutti miidiyaa keessatti bishaantu qallate jechuun gamaaggamaa raawwiin gaazeexeessaa gidirsuu malu malee jijjiiramni addatti isaan fidan hin jiru. Ati deggeraa paartii kanaatii, atimmoo ergamaa isa sanaati jechuun gaazexeesitoota gidirsuun akkuma baratametti itti fufuu malas jedhaniiru. Hojjettoonnis aantummaa paartichaa hin qabdan jedhamuun aangoo fi hojiisaaniirraa gussamuun akka eegamullee dubbataniru
GEM-xlsum_oromo-train-4
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47782668
Haadha leenca: Haadha namoota intalashee gudeedan waldhaansoo qabde mo'atte
Nokubonga Qampi Afriikaa Kibbaa keessatti dubartii ''Haadha Leenca'' jedhamuun beekamtedha. Beekamtii kanas kan argatte eerga namoota intala ishee gudeedan sadii keessaa tokko ajjeesuun lamaan hafan madeessiteeti.
Isaan boodasa nama ajjeesuun wayita himatamteetti iyya ummataa guddaatu ta'e. Isaan boodas himannichi adda citee. Isheeniis haala mucaan ishee itti bayyanachuu qabdu irratti qofa xiyyafachuu eegalte. Wayita bilbilli wamuun Nokubongaa irriibaa kaasuutti alkan wallakkaa ture. Fageenya meetira 500 irratti intallli aaddee Nokubongaa Siphokaziin dhiiroota baayyee beekaman sadiin gudeedamaa jirti jette. Deebiin jalqabaa Adde Nokubonga poolisiif bilbilu ture. Garuu deebii hinargannee. Akka mandara ishee kan gaarreen magariisaa uffatee Baha Keepiitti argamu qaqqabuuf hanga ta'e itti fudhatus siriitti beekti. Intal ishee gargaaruufis ishee qofatu jira. ''Sodaadheen ture, garuu mucaa tiyya waan taateef dhaquuf dirqisiifameera,'' jetti. "Yeroon achi gahuutti duutee akkan waan argadhuuttiin yaadaa ture. Sababiinsaas namoota kanneen isheenis ni beekti waan ta'eef, isaanis ishee beeku waan ta'eef, akkasumas akka isaan beektu waan beekaniifuu, akka waa'ee isaanii hingabaasineef ni ajjeesuun jedheen yaade ture.'' Siphokazi mandara xiqqoo tokko keessatti hirriyoota ishee gaafachaa turte. Garuu hiriyoonni ishee sa'aatii 7:300 mana banaan ishee qofaashe rafuuf dirqamte turte. Isaan booda namoonni kunneen manneen tokko keessatti dhugaa turan sadii dhaquun miidhaa irraan gahan. Nokubonga booroo ishee keessa osoo demaa jirtuu Manni aaddee Nokubonga kutaalee lama qaba. Tokko kutaa cisichaa bakka rafaa turteefi kutaa nyaata itti bilcheesan lafa haaduu argatte qaba. "Kanan qabadhees lafa miidhaan itti qaqabeefi mana kiyya jidduu fageenya jiru deemuuf mataa kiyyaaf ture. Sababiin naannichi naga qabeessa waan hintaaneef,'' jetti. "Waan baayyee dukkanaa'eef ibsaa mobaayilii kiyyaa fayadamaan ture kanan deeme." Akkuma manichatti siqaa dhufteen iyya intala ishee dhaggeesse. Ol yoo seentuus, ibsaan mobaayila ishee attamiin intalli ishee gudeeddaan irratti raawwatamaa akka jiru hubachu dandeesse. "Soodaan natti namme...karra biran dhaabbachuun maal gochaa akka jiran gaafadheen. Akka ana ta'e yoo hubatan, gara kiyyatti qajeelan. Yaroo kana ture kanana ofi ittisuu akkan qabu hubadhees. Tarkaanfichiis battaluma ture., jetti Addee Nokubonga. Nokubonga waan itti aansee ta'e ilaalchisee baayyee dubbachuu hin barbaaddu. Abbaan aangaa mana murtii miidhaa qaqabsiisaniis aaddee ragaa Nokubonga akkuma nama intala ishee gudeedaa tureefi kaan lamaan ammoo kan dabareesaanii marsaa lammaffaa deebii'uuf surreesaanii buusuun eegataa jiran agarteetti ''baayyee miira keessa turte' mul'isa jedhe. Abbaan seeraa Mbulelo Jolwana itti fufuunis: ''Aarii ishee yaa mo'attu jechuun isheef maal jechu akka ta'e nan hubadha.'' Garuu anni isheen sodaattu ofiifi intala isheetiif. Fuulli ishees gaddaa fi miidhamatu irraa dhagahama. Kunis baayyee ifaadha wayita namoonni lama albee ishee waliin wal lolaa turan waliin wal himattu. Osoo baqataa jiranu albeen warrantee tokkonsaa karaa foddaa baqata bahe. Lamaan isaanii baayyee miidhanii tokkonsaa ni du'e. Addee Nokubonga hangam akka isaan miite illeen adda baasuu hin dandeenye. Intala ishee gara mana irriyaa ishee ollaatti futee deemte. Poolisiin yoo qaqabu, Nokubongaa to'annaa jala olfamte gara buufata poolisii naannichaatti geeffamuun mana hidhaa galfamte. "Waa'ee mucaa kiyyaan yaadaa ture,'' jetti. "Waa'ee ishee odeeffannoon argadhe hinturre. Anaaf baayyee cimaa ture." Haaluma walfakkaatunis, intalli ishee Siphokazi hospitaala ciftee waayee haadha ishee yaadda'aa ture. Waggoota dheeraaf hidhamu isheetiif qalbiin cabeen. "Kan waggoota dheeraaf mana hidhaa turte yoo ta'ee bakka ishee hidhamuuf yaadaan ture,'' jetti. Intala ishee Siphokazi fi Nokubonga Ammajjii keessa, erga miidhaan qaqabeen baatii 16 booda Intalli ishee ammalleen naasuu keessa jiru. Waa'ee miidhiichaa waan xiqqoo ykn omaa hin yaadattu. Kan isheen amaan tana beektus, erga waasiin baatee booda kan haati ishee hospitaalatti guyoota lamaan booda itti himteedha. Taatee sanaan booda waliin miira walii gargaaru eegalan. "Gorsa kamiyyuu hinargannee garuu haatii kiyya na gargaaru dandeesse jirti,'' jetti Siphokazi. "Amma bayyanachaan jira." Yaaliin haadha ishees jireenyi akkuma duraatii akka itti fufuu taasisuudha. "Ani ammas haadha yoo ta'u isheenis intala kiyyaa,'' jetti. Walitti dhiheenya isaanii ibsuuf kolfaa fi baacuun, sababii Nokubongaan nama biraa hinqabaanneefuu Siphokazi herumu hindandeessu jedhu. Erga baatiiwwan 18 miidhaachi qababee asi daandii dheeraa adeemaniiru. Buhle Tonise, haadha alangaa Nokubonga bakka butee, torbee miidhaan qaqabeen booda wayita wal arganiitti abdii kutanii akka turan ni yaadatti. "Haatii abdii kuttee ture'' jetti. "Namoota hiyyummaa sadarkaa akkasii irratti argama waliin wayita wal agartu, haatii mana hidhaa akka galtu yaadu sababii nama isaan gargaaru waan hinqabaanneefu. Sirni haqaas kan namoota warra maallaqa qabaniiti.'' Buhle wayita Nokubonga waliin dubbattuutti, inatllishee callisteeilaalaa turte waan miidhaan irra gahee humna dubbachu ishee dhorkee tureefu. Buhle akka haatii kun tarkanfii ofi ittisuuf fudhachu isheef morkachuun amansiisu akka dandeessu beektulleen, bu'aa booda keessa dhufuu malu dandamachuun baayyee cimaa akka itti ata'u sodaachu himti. Gargaarsi midiyaalee irraa argatan ammoo, akka haadha leencaatti akka ilaalamtuuf carraa kenneefiira. Biyya Afriikaa Kibbaa keessatti taateewwan guddeeddii 110 guuyyaatti kan qaqabu yoo ta'u, kanas pirezidaantiin biyyatti Siiriil Raamaafozaan akka rakkina biyyaaleessaatti eeree ture. Mandarri Keep Bahaa bakki iyyassee biyyatti, hojii dhabdoonni %45 keessatti argaman, bakkee biraa caalaa taateen gudeeddi keessatti baayyata. Taateewwan guddeeddii kanneen keessaa kan haadha kanaa bahee dhagahame. Haatii kunis maqaan intala ishee akka hinbeekamneef dhoksu hindandeenye. Gaazexaan tokkoos 'haadha Leenca' jechuun suuraa leenca ilmoo ishee waliin jirtu tokko waliin baasee. Maqichis akkasumatti hafe. "Anaaf jalaqabarratti, waan naaf hingalleefu hinjaalanne ture, jetti Nokubongaan. "Garuu dhumarratti ani goota jechu ta'uun hubadhee akka haatii leencaa ilmoshee irraa balaa ittistuutti.'' Ummannis haatii kun ajjeechaan himatamuuf akka jirtu dhegeenyaan maallaqa walitti qabuun abbaa seeraan akka gargaaramtu taasisan. Ta'us hanga mana murtiitti yeroo jalaqabaatiif dhiyaatuutti baayyee sodaataa turte. "Gara mana murtii deemuuf yoo jedhu waanan sodaadheef ka'een kadhannaa taasise'' jetti. Achi yoo geessuuttis namoota waan gaarii siheef hawaniin gutameera eddoon. "Namoonni gutuu Afriikaatii bahan hundi achi turan. Anis namootaaf galatoomaa qofa ture. Dhugaattis abdii naaf kennaniiru" "Waamamuunis himannichi kufuusaa natti himan,'' jetti. "Achi dhaabachuun dinqisiifachuu eegale. Baayyees nan gammade. Sirni haqaa dogongoraan akka mirga adda baasuun ani nama ajjeessuuf yaaddoo akkan hinqabaanee natti himeen beeka.'' ''Erga dhimmicha kuffiifamee booda, intala ishee waamte. Intalli ishees yeroo jalqabaatiif yoo kofaltuun arge. Haatiis jarreen gara mana hiidhaa yoo deeman arguun barbaada jette,'' jechuun himti haatii alangaa isaanii. Sunis akka ta'uuf waggaaf eggachu qabu ture. Garuu Muddee 2018 namoonni miidhaa qaqabsiisan lamaan; Xolisa Siyeka kan umuriin waggaa 30 fi Mncedisi kan umuriin waggaa 25 lamaanuu murteen hidhaa waggaa 30 itti murtaa'eera. Jarreen kunneenis haadha inatala tanaatiin gosa tokkoraa dhalatan. ''Waa'ee isaatiif baayyeen gammade,'' jetti Siphokazi kan amma umuriin waggaa 27. ''Amma xiqqoo nagaan natti dhagahame, keessi kiyyaa hidhaa umurii gutuu itti murtaa'u qaba jedhe amanulleen.'' Erga dhimmichi mana murteetiin xumura argateen boodas warroota akka ishee miidhaan guddeeddii mudateef cimina kennuuf maqaashee ifa taasifte. "Erga balaan akkasii namarra qaqabeen booda jireenyi jiraachusaa hawaasattin hima. Ammas jireenya kee jiraachu dandeessa,'' jetti shamarreen balaa irra gaheerraa boqattees. Haati isheetiis warra gochicha raawataniifis fuladurratti jireenya gaarii hawitiif. ''Yeroo murtee saanii xumuraniitti akka nama geedarameetti gara manasaanii deebii'uu jedheen abdadha,'' jetti. ''Isaan boodas seenaa himuufi fakkeenya ta'uun jiraachuf.''
GEM-xlsum_oromo-train-5
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52978351
Siyaasa Itoophiyaa: Rakkoon nageenyaafi qabiinsi mirgoota namoomaa Oromiyaa maaliif 'hadhaba' keessaa hin ba'amne ta'e?
Itoophiyaa keessatti wantoota komiifi qeeqa guddaa kaasan keessaa tokko qabiinsa mirga namoomaati. Waggoota lama dura erga mootummaan jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti bu’uuressuuf onnadhe jedhu aangoo qabatee asitti hidhaafi dararaan ni dhaabbata yookiin ni hir’ata abdiin jedhu biyya keessaafi alaallee tureera.
Garuu maqaatu jijjiirama malee haalli hidhaa fi ajjeechaa inumaa isa duraa caaleera jedhu miseensa koree hoji-raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo kan ta’an Aab Mikaa’el Booran. Gama biraan Naannoo Oromiyaatti Abbaa Alangaa Itti Aanaa kan ta’an Aab Nageessaa Oddoo Duubee mootummaan amma jiru akka isa kanaan duraa ta’e jedhee seera ittiin lammiilee dararan baasee hojjechaa hin jiru jedhu. Haala qabiinsa mirga namoomaa fi nageenya Oromiyaa irratti keessummoota lameen kanneen dubbisneerra. Qabiinsa mirga namoomaa---Oromiyaatti Itti-Aanaa Abbaa AlangaaOromiyaa kan ta’an Obbo Nageessaa Oddoo Duubee Ji’a Eblaa bara 2018 irraa eegalee haalli qabiinsa mirga dhala namaa fi dararaan namarra ga’aa ture jijjiiramee fooyya’iinsi argameera jedhan. Mootummaan akka kanaan dura itti yaadee seera ittiin mirga namaa sarban baasee hojjechaa hin jiru kan jedhan Aab Nageessaan,’’Garuu qaamonni sadarkaa garaagaraa irra jiran, aanga’oonni mootummaa, qaamoleen nageenyaa akka dhuunfaatti mirga namaa sarbaa jiraachuu malu.Garuu akka mootummoota duraanii itti yaadamee tarsimoodhaan kan raawwatamu miti’’ Jedhan. Seerrii fi heerri wabii mirga namoomaa jiraatus haala garaagaraa keessatti namoonni mirga dhalaa sarban jiru jedhan Aab Nageessaan. Miseensi koree hoji-raawwachiistuu Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) Obbo Mikaa’el Booran, ammas taanaan humni nageenyaa bakkumatti tarkaanfii barbaade fudhachaa jira waan ta’eef sirna duraan turerraa adda miti jedhan. Ajaja mootummaan gubbaa kennuun osoo hin taane tarkaanfii namonin dhuunfaa fudhataniin mirgi lammiilee sarbamaa jira isa Obbo Nageessaan jedhanirratti Obbo Mikaa’el wayita yaada kennan,’’Yoo namoonni dhuunfaa mirga lammiilee sarbaa jiraachuunsaanii hubatame maaliif mootummaan gabaasa Amnastii Intarnaashinaal dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa irratti baase morma? Maaliif namota yakka raawwatan seeratti hin dhiyeessu? Wayita yakkamtoota seeraan gaafatu argaa hin jirru,’’ jedhan. Waggoota dheeraaf biyya ambaa wayita turanitti dhiittaa mirga namaa yaaddessaa ta’e taajjabaa turuusaanii kan dubbatan Obbo Mikaa’el, ‘’mootummaan Itoophiyaa wayita akka biyya galluuf nu affere gara jalqabaa qalbii uummataa hawwachuuf jecha waan hedduu godheera. Dirree siyaasaa bal’isuufi hidhamtoota hiikuun isaan ijoo turan. Garuu haala amma keessa jirru yoo ilaallu isa duraa kan caaluudha. Dararaa fi hidhaan hammaateera,’’ jedhan. Jaarmiyaalee dubbiin mirga dhala namaa isaan ilaallatu keessaa tokko kan ta’e Abbaa Alangaa Oromiyaatti dabalamuunsaanii dhiyeenya kana ta’uu dubbatan Aab Nageessaan,’’Yeroo gabaabaa kana keessatti hangan beekutti qaamoleen dhiittaa mirga namoomaa raawwataniin himataman jiru. Kan adabamanillee jiru. Garuu miidiyaarra waan hin baaneef waan gaafatamaa jiran hin fakkaatu. Ammallee waan kanarratti hojjechaa jirra. Qaamolee nageenyaa yakka raawwatan keessaa kan himataman akkuma jiran kan hin himatamnellee inuma jiru. Isaan himatamuu qabu. Kun hanqina’’ jedhan. ‘’Dhiittaa mirga namoomaarratti eeruun yoo jiraate hawaasi nuun ga’uu danda’a. Jaarmiyaaleen idil-addunyaa kanneen akka Amnastii Intarnaashinaal yoo gabaasa baasan ammoo itti adeemnee qoranna’’ ‘’Adeemsa seeraan himachuu malee, reebuufi ajjeesuun seeraan ala’’ Namni tokko yoo yakka raawwate adeemsa seeraa(due process of the law) eegee gaafatama malee reebuu fi kabaja isaa gadi buusuun sirrii miti kan jedhan Aab Nageessaa Oddoo Duubee,’’Garuu yeroo adeemsi sirna seeraa kun itti cabu jira. Garuu sirrii miti. Nama nama ajjeese harkaa fi harkatti yoo qabdeyyuu adeemsa seeraa keessa darbee gaafatamuu qaba. Qaamni nageenya eegsisuuf ba’e tokko yakka yoo namarratti raawwate haalli inni keessatti raawwate ilaalamuu qaba jedhan Aab Nageessaan. ‘’Adeemsa seeraa osoo hin kabajin yoo ajjeesa, reeban itti gaafatamuu qabu. Dirqama kanammoo mootummaan ba’eeramoo hin bane kan jedhu adeemsa keessa kan ilaallu ta’a.’’ jedhan. ‘’Mirga namoomaa mootummaa qofaa miti kan sarbaa jiru’’ Tibba darbe gabaasi Amnastii intarnaashinaal baase bakka dhaloota kiyyaa kan taate Gujii irratti kan xiyyeeffate ture kan jedhan Aab Nageessaan,’’achi keessatti mirga namoomaa mootummaan sarbaa jira, garuu mootumaa qofaa miti kan sarbaa jiru. Mootummaan sarbuu qaba jechaa hin jiru. Mootummaan qaamolee hidhatanii lolaniin walqixxaachuu hin qabu. Garuu qaamoleen hidhatanii dhiittaa mirga namoomaa raawwatanillee itti gaafatamuu qabu,’’ jedhan. ‘’Kan gama mootummaatiin jiru ni qoranna. Namoota yakka raawwatan seeraan ni gaafanna. Mootummaan qaama mirga mirga dhala namaa raawwate seeraan hin gaafatu taanaan ofii gaafatama. Garuu mootummaa caalaa kanneen hidhatanii socho’antu mirga dhala namaa sarbaa jiru.’’ Godinaalee Oromiyaa, Gujii fi Wallaggaa, keessatti qaamoleen hidhatanii socho’an kanneen mirga dhala namaa sarban seeraan to’achuuf humnaa ol nutti ta’aniiru kan jedhan Aab Nageessaan qaamni nageenyaa mootummaalee akka bobba’ee miidhaa geessisuuf kan haala mijeesse isaani jedhan. Gama biraan miseensi koree hoji-raawwachiistuu ABO Obbo Mikaa’el Booran,’’uummanni hidhattoota mootummaatu nu saamaa, nu ajjeesaa fi nu hidhaa jira jedhanii nutti himaa jiru waan ta’eef eenyu akka mirga namaa sarbaa jiru beekamaadha.’’ Jedhan. ‘’Kaleessas ta’e har’a waraanni biyyaa meeshaa siyaasaati. Mootummaa kana nan jijjiira jedhee waadaa seenus hin jijjiirre. Waraannii fi poolisiin seeraa ol ta’anii uummata hiraarsaa jiru, ajajaa fi murtii mana murtii qaamolee nageenyaatu diigaa jiru’’ jedhan Obbo Mikaa’el. Isa Aab Nageessaan qaamoleen mirga namaa sarban hunduu qoratamanii seeraan gaafatamu jedhanirrattis ‘’erga mootummaan kun biyya bulchuu eegalee waan jedhamuudha garuu qabatamaan arginee hin beeknu. Kanaafuu abdii irraa hin qabnu’’ jedhan Aab Mikaa’el. Qaamlee hidhatanii bosona jirantu hidhattoonni mootummaa akka mirga dhala namaa sarbaniif haala mijeessan isa jedhurrattis ‘’mootummaan qaama hidhate sana loluu qaba malee sababa kanaan lammiilee nagaa dararuunsaa qaaniidha’’ jedhan Aab Mikaa’el. ‘’Sababa ilama keetu shanee keessa jira jedhuun abbaa fi haadha ajjeesuun ni mul’ata. Biyya kamittuu mootummaan riphe lolaa haleela malee haalatu naaf mijate jedhee akkamiin uummata lola? Seera kamtu iyyama? Kanaaf eenyuyyuu dhiittaa mirga namaa haa gaggeessu, mootummaadha kan gaafachuu qabu. Amma garuu mootummaan ofumaa raawwataa jira.’’ Jedhan. Aab Nageessaa Oddoo Duubee gamasaaniin ‘’qaamni nageenyaa mootummaa akka badii raawwatuuf haala mijeessuu jechuun fakkeenyaaf qaamoleen hidhatan kunneen bakka namni walitti heddummaatee jiru keessa dhokachuun boombii gara qaamolee nageenyaatti darbatu. Yeroo kana qaamoleen nageenyaa dhukaasuu eegalu, gidduu kanatti namni nagaa ajjeefama,haala mijeessuu jechuun isa kana’’ jedhan. Garuu jedhan Aab Nageessaan qaamoleen WBO ofiin jedhanii bosona jiran mataansaanii mootummaa caalaa uumata ajjeesaniiru jedha. ‘’Waggoota lamaan darban keessa qofa nama 700 ajjeesuu isaanii raga harkaa qabna.Nama ukkaamsuu fi dubartoota gudeeduutu jira, qabeenya barbaadeessuu fi nama hiraarsuun tureera’’ jedhan. ''Ilma keenya fuudhaaf qophaa'aa turetu nu duraa ajjeefame'' ABO fi waraanni bosona jiru hidhata qabuu? Waraanni Bilisummaa Oromoo amma bosonatti hafee jiru ABO waliin hidhata qabaachuu shakkina kan jedhan Aab Nageessaan,’’hooggansuma isin waliin turetu amma bosona seenee hoogganaa jira.’’ Jedhan. Suuraa fi viidiyoon gocha suukanneessaa humnoota nageenyaa mootummaatiin akka waan raawwatameetti agarsiifaman hawaasa burjaajessuu kan dubbatan Aab Nageessaan mootummaan kan hunda jala deemee deebii kennaa hin oolu jedhan. Akka fakkeenyaatti dhiyeenya Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo magaalaa Muggiitti kana haadhaa fi abbaa ilmi keessan shaneedha jedhamuun ajjeefaman kan kaasnee gaafanne Aab Nageessaan,’’sana qaama mootummaa achi jirutu beeka. An sana quba hin qabu. Waanti kun poolisii ilaallata. Akka waajjira keenyaatti eeruun hawaasaa yoo nu ga’e qorannee seeraaf dhiyeessina’’ jedhan. ‘’Qaamni mootummaa yakka kana raawwatu yoo mootummaa kana keessattillee gaafatamuu baate mootummaa biraa keessatti gaafatamuunsaa hin hafu’’ Isa ABOn waraana bosona jiru waliin ammallee hidhata qaba jedhameef Obbo Mikaa’el,’’waraana keenya galchuuf mootummaa caalaa nutu fedhii qaba ture. Ammas waraanni hafe galee akka nagana bu’u fedhii qabna. Garuu mootummaatu ‘shira xaxee’ akka hin galle godhe. ABOn waraana alaa waan qabuuf nu waraanaa jira jedhanii ittiin nu hadheessuuf akka waraanni bosonaa gumaayee hin galle godhan.’’ Jedhan. Nuti ifaan ifatti waraana akka bosonaa hin qabnu jennee ibsineerra kan jedhan Aab Mikaa’el ammas mootummaan yoo dhuguma fedhii nageenyaa qabaate waraana hafe galchee nagana bu’uu danda’a kan jedhan Aab Mikaa’el fedhii sanatu mootummaa bira hin jiru jedhan. Akkamiin nageenyi bu'a? Mootummaan kun gadaasayyuu fixate jira kan jedhan Aab Mikaa’el,’’baatii Fulbaanaa dhufu booda gadaansaa hin jiru. Kanaafuu furmaati kan ta’u humnoonni siyaasaa biyya kanaa waliin mari’atanii waliin mala dhahuu qabu.’’ Jedhan. ‘’Rakkoon biyya kanaa rakkoo seeraa yookiin rakoo nageenyaa osoo hin taane rakkoo siyaasaati. Uummanni mirga siyaasaa waan dhabeef furmaanni siyaasaa dhufuu qaba. Yaadni qaamolee siyaasaa hundaa fudhatamee biyya kana gara filannoo gaggeessuu qabna.’’ Jedhan. Jijjiirama kana kan fide qabsoo uummataati kan jedhan Aab Mikaa’el,’’mootummaan kun isa carraa qabsoo uummataatti fayyadamanii aangoo qabatan akka waan uummanni filateetti fudhatee waan kaleessaa dagateera. Kunimmoo gara hamaatti deema,’’ jedhan. Kanaafuu marii fi nagaadhaan malee waanti humnaan furamu tokkollee biyya kana keessa hin jiru jedhan Aab Mikaa’el. Aab Nageessaan gamasaaniitiin haga gara aangoo mootummaatti dhufanitti namni seeraan ala akka hin hidhamnee fi hin adabamne hojjechaa jirra jedhan. Garuu kun gumaata karaa mootummaa qofaan waan hin milkoofneef lammiin hundinuu akka mirgi namoomaa hin sarbamne gargaaruu qaba jedhan. Warri ABO’s ta’u yakka mootummaan raawwateera jedhame malee kan hidhattoonni raawwatan wayita balaaleffatan hin arginu kan jedhan Aab Nageessaan kun immoo hojii olaantummaa seeraafi mirga lammiilee kabachisuuf hojjennu boodatti harkisa jedhan. ‘’An akka mootummaatti osoo hin taane akka nama dhuunfaatti wayitan yaada kiyya kennu mootummaan nagayaa buusuuf carraaquu qaba. Karaa nagana haasayanii gara nagayaatti osoo fidanii dansa. Dantaa uummata keenyaa kabachiisuuf waan danda’ame hunda gochuu qabna.’’
GEM-xlsum_oromo-train-6
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48175247
'Oolmaa manni barnootaa keenyi nuuf oole ni deebisna'
Isin waa'ee mana barnootaa itti barattanii of duuba deebitanii yaaddanii beektuu?
Namoonni duraan mana barumsaa Garba Gurraacha Sadarkaa 2ffaatti baratan mana barumsaa itti barataniif kompitara 40 fi maashina printii fi footoo kooppii bitanii kennan. Godina Shawaa Kaabaatti kan argamu manni Barumsaa Garba Gurraachaa, Namoonni kunneen marii karaa miidiyaa hawaasummaatin walii taasisaniin yeroo ji'a tokko keessatti birrii kana kan walitti qaban yoo ta'u, kanneen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatanidha. Namoota gumaacha kana qindeessan keessaa tokko kan ta'e obbo Balaay Baayyisaa, yaanni kuni hiriyaa isaanii biyya Kaanaadaa jirurraa akka madde hime. ''Mucaan hiriyaa keenya kan biyya Kaanaadaa jiraatu Kaffaaloo Kabbadaa jedhamutu yeroo biyya dhufe mana barumsichaa seenee ilaaleetu, manni barumsaa kuni rakkoo baayyee akka qabu argee nutti hime," jedha. Suura ijoollee hedduu kompitara tokko irratti walgahaniifi kan biroo rakkoo mana barumsichaa mullisu kaasees miidiyaa hawaasummaa kanarratti akka gadhiifamu godhe. Sanaan booda achumarratti waliin mari'achuun herreegni gumaachi itti walitti qabamu banamee ji'a tokko keessatti namoonni 50 kennaa kana binnee mana barumsaa keenyaf gumaachine jedhan obbo Balaay. Namoota gumaacha kanarratti hirmaatan keessaa tokko kan tahan Obbo Taayyee Danda'aa gamasaanitiin rakkoo qindoominaa yoo ta'e malee humni barate hawaasa isaatiif badhaadhina kana caalu fiduu ni dandaha,'' jedhan. ''Manni barumsaa kuni hayyoota, abbootii qabeenyaa fi namoota gurguddoo hedduu omishe. Garuu sababa qindoominaa fi waldubbisa dhabuutin olmaasaatif waan malu hin arganne. Humni barate waldubbisee hojjennaan waan xixiqqaa kanaa olitti waan ummata keenya fayyadu guguddaa hojjechuu ni dandeenya," jedhan. Daayirektara mana barumsa sadarkaa 2ffaa Garba Gurraacha kan tahan Obbo Ayyalaa Aannoo, manni barumsichaa rakkoo kompitaraa cimaa akka qabuu fi kennaan amma argatan kuni qulqullina barnootaa dabaluuf ni gumaacha jedhan. "Amma dura barattoota dhiisii barsiisaanuu kompitara fayyadamu hin qabu. Amma kompitara arganne kana barsiisonnis barattoonnis irratti waan fayyadamaniif qulqullina barnootaa dabaluufuu nu utuba. Baayyee itti gammanne," jedhu. Mana barumsichaatti kutaa 9ffaa barachaa kan jiru Hundeessaa Bacharee, yeroo barnoota ICT kompitara tokkorratti nama 15 hanga 20 taanee waan barannuuf hubannoo gahaa ta'e argachaa akka hin turre hima. "Yeroo dabaree ICT namuma dura teessoo qabatetu kompitara tuttuqee waan jedhame hojjeta. Barataa garri caalu dhaabbateetuma ijumaan ilaalee baha malee carraa tuttuqee shaakaluu hin argatu," jedha. Kompitarri amma manni barumsa isaanii argate kunis carraa itti fayyadaman waan isaaniif uumuuf hedduu akka gammades hima. Barattoonni mana barumsichaatti dur baratan har'a deeggarsi nuuf godhan boru nutis mana keenya kanaaf akka yaannee gargaarruuf fakkeenya gaarii nuu ta'eeras jedhe barataa Hundeessaan. Namoonni mana barumsichaatiif kompitara gumaachan kunneenis deeggarsi kuni kan jalqabaa akka ta'ee fi fuula duratti namoota hedduu hirmaachisuun mana barumsichaa akka deeggaruuf karoorfatan BBCtti himaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-7
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41662316
Dubartootaaf qofaatti geejjiba qopheessuun caalaatti naga qabeessaa?
Daandiiwwan Naayiroobii irratti 'Maataatuu' (minibaasota tajaajila taaksii kennan) muziiqaa sagalee olka'aa, kan halluu adda addaa itti dibameen gutamaa dha. Jiraattota miiliyoona 3 keessaa hedduun isaanii mala kanatti fayyadamu garuu, dubartoota hedduuf bakka miidhaan saalaa itti isaan mudatuudha.
Maataatuun (taaksiin dhuunfaa) Naayiroobii keessatti mala geejjibaa namoonni hedduun itti fayyadamani dha. Liin Baaraazaa obboleettii ishee waliin bakka awutobisii itti qabatan wayita deemteetti ture, gareen konkolaachiftoota 'Maataatuu' lamaanu humnaan konkolaataa keessa akka galaniif kan yaalan. ''Nu dhiibuu fi harka obboleettii kootii harkisuu jalqabani, daa'ima laphee irratti baattulleen ni harkisan. ''Isaanis waan koorniyaadhaan wal qabatu gaarii kan hin taaneen nu arrabsan." ''Akka nu dhiisaniifan itti hime, achiniis namni nu deeggaru akka hin jirre gaafan baru boo'uun jalqabe. ''Obboleettiin koos dhugumatti sodaattee turte.'' Akka carraa ta'ee Liin fi obboleettiin ishee qaamaan hin miidhamne, garuu muuxannoon isaanii gaarii hin turre. Dubartoota Keeniyaa 381 qorannoon irratti taasifame keessaa, baay'inni isaanii miidhaan koorniyaa waliin wal qabatu iddoo geejjibaatti irra gahuu isaa ibsaniiru. Qorannoon dhaabbata 'miidhaa saalaa daandii irratti raawwatamu haa dhaabnu' jedhu tokkoon taasifames argannoo wal fakkaatuun imaltoonni dubartootaa Paariis %100 yoo xiqqaate al tokko miidhaan saalaa tajaajila geejjiba uummataa irratti akka isaan qunname ni dubbatu. Jaappaan keessatti dubartoota qofaaf geejjibni jira, garuu imala isaanii naga qabeessa godhaniiruu? Tajaajilli geejjibaa dubartoota qofaa haala kana ni jijjiiraa? Namoonni siyaasaa muraasni dubartootaaf kophaatti geejjiba dhiheessuun furmaata qabaata jedhu. Meeksiikoo hanga Jaappan, akkasumas Hindii keessatti bifa Baasii, baabura fi taaksiitiin biyyoota hedduu keessatti yaalamaniiru. Garuu, jireenya dubartootaa naga qabeessa akka godhan ragaan ni jiraa? Sababoota adda addaatiif kana safaruun rakkisaa dha. Miidhaan saalaa geejjiba uummataa irratti dubartoota irratti raawatamaniis yeroo hedduu hin gabaafamani. Yoo gabaafamanis, biyyoota hedduu keessaatti ragaan sun ifa hin taasifamu. Dubartoota adda baasuun sababoota aadaatiif ta'uulleen, biyyoonni hedduun geejjiba dubartoota qofaa kan eegalan, miidhaan saalaa hedduu waan jiruufiidha. Magaalonni kunneen osoo tajaajila kan hin jalqabiin dura miidhaan cimaan gahaa waan tureef ta'uus danda'a. Kana gochuuf karaan tokkichi jiru, haala duraan ture fi erga geejjibni dubartootaa dhufee booda kan jiru wal bira qabuun ilaaluu dha. Kana gochuufis ragaan jiru gadi aanaa dha. Ragaan kun kan Tookiyoo qofatti Bara 2004tti sararawwan baaburaa hedduun furgoowwan dubartoota qofaa qabatan beeksisaniii ture. Waggaa tokko boodas, yakki dubartoota irratti raawwatu %3'n hir'atus, erga tajaajila geejjibaa dubartoota qofaa fidanii miidhaa saalaa irra ga'e gabaasuun garuu %15-20, sararawwan baaburaa lama irratti dabalee ture. Dubartoonni dhiiroota malee yoo imalan nageenyi akka itti dhaga'amu beekamaa dha. Rooyitars bara 2014 qorannoo dubartoota adduunyaa 6,300 irratti taasiseen, %70'ni qofaa yoo imalan nageenyi akka itti dhaga'amu ibsaniiru. Firiin qorannoo kanaa biyyaa biyyatti adda addummaa guddaa qabu ture. Fiilippiinsi Maaniillaatti dubartoonni %94 geejjibni qofaatti osoo ta'ee yoo filatan, Niiwyoorkitti ammoo %35 qofaatu kana filatan. Qorannoodhumti kun magaalota gurguddoo adduunyaa 16 dubartoonni itti imaluuf rakkisoo ta'an sadarkaadhaan kaa'ee jira. Magaaloota shan keessaa isaan duraa afur- Bogootaa, magaalaa Meksikoo, Dahiliifi Jaakaarataa dha. Isaan keessattis tajaajila geejjibaa dubartoota qofaaf kennamu eegalanii jiru. Liin Baaraazaa: ''Namni nu gargaaru akka hin jirre nan bare'' Rakkinicha atatamaan furuuf: Geejibni dubartoota qofaaf tajaajila kennu sammuu isaaniif nagaa kenna yoo ta'e yaaluun gaarii hin ta'uu? Muuxannoon ishii akkuma jirutti ta'ee, Liin akkasitti hin yaaddu. Kana mannaa, rakkoo kana jijjiiruuf hawaasni miidhaa saalaan wal qabatee raawwatamuuf obsa dhabuu qaba/hin ta'u jechuu qaba jechuun yaaddi. Dubartoonni nagaan yoo imalanillee, yeroo konkolaataa irraa bu'an qoccolloon saalaa isaaniirra ga'u waluma fakkaataa ta'a yoo kaanimmoo hammaachuus ni danda'a. Imaammanni sirriitti hojiirra akka hin oolle Liin qofaa miti kan dubbattu. Beektonni fi ogeessonni imaammata geejjiba dubartootaa adda baasuun furmaata hatattamaa kan fiduu fi miidhaa dubartoota irra ga'u kan sirreessuu kan jedhu irratti wal falmaniiru. Warrii badii raawwatan akka ilaalcha isaanii jijjiiran gochuu dhiifanii, dubartoonni qoccolloo isaaniirra ga'u ofiif akka qolatan irraa akka eegnu taasisa.
GEM-xlsum_oromo-train-8
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46563224
Xiyyaarri Ameerikaa onnee namaa arjoomame fiduuf iddoo ka'umsa isaatti deebi'e
Xiyyaarri imaltootaa Siyaatil irraa gara Daalaasittii balali'aa ture sa'aa muraasa booda onnee namaaf arjoomame lafa ka'erraa irraanfatame fiduuf ofirra deebi'e.
Xiyyaarichi sa'aa sadiif qillensarra ture Daandiin xiyyaaraa Southwest jedhamu, onnichi wal-aansaa argatee akka bayyaannatuufi gara fuuduraatti hojiirra haa ooluuf Kaalforniyaatii Siyaatil geeffame jedhe. Haa tahu malee, xiyyaarrichi hanga karaa walakkaa deemuutti onneen akka hin fe'amne namni hubate hin jiru. Onneen sun garuu nama taheef geessamaa hin turre. Mudannoon gaafa Sanbataa tahe Kamisa kaleessaati kan sab-himaaleetti gabaasame. Kaapteenin xiyyaarichaa imaltootatti waa'ee dhimmichaa itti himee xiyyaarri ofirra garagaluuf akka tahe gaafa baran na'anii turan. Xiyyaarichi sa'aatii sadiif qilleensarra ture. Ogeessi fayyaa akka carraa xiyyaaricha keessa ture ''Waan dagatamuu hin qabneetu seenaa hin taane fide'' jedheera. Xiyyaarichi onnee fudhatee gara Siyaatilitti deebi'uun wiirtuu fayyaa kutaan qaama namaa ittii kuufamuuf yeroo kennamuu qabutti qaqqabsiiseera.
GEM-xlsum_oromo-train-9
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45116193
Itoophiyaa: Naannoo rakkisaatti dirooniin tajaajila wallaansaa eegaluuf
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa biyyattiitti naannoo geejjibaaf rakkisaa ta'eetti tajaajila wallaansaa diroonii (xiyyaara nama malee balali'u) kennuuf filannoo teknooloojii gaggeessaa jiraachuu beeksise.
Teknoloojii diroonii kanatti fayyadamuun naannoolee tajaajila geejibaa argachuu hindandeenyee fi baadiyyaa gahuuf rakkisaa ta'aniitti talaallii, dhiigaafi qorichoota lubbuu baraaruuf oolan hanga kg5 ta'anii fi meeshaalee wallaansaa geessisuuf ni dandeessisa jedhameera. Kana malees sababiiwwan akka lolaa fi walitti bu'iinsaatiin daandiin yoo cufame, qorichaa fi dhiiga atattamaan qaqqabsiisuuf akka gargaaran Ministirichatti Daarektarri teknolojii odeeffannoo fayyaa obbo Iyyoob Kabbadda eeruun EBCn gabaaseera. Ministirichis torban ammaan dhufan keessatti filannoon teknolojii xumuramee bara haaraatti tajaajilicha eegaluuf qophii xumuruusaa itti gaafatamtichi ibsaniiru. Kana malees ministirichi Siivil Aviyeeshinii, Ejansii Nageenya Odeeffannoo (INSA) fi qaamolee dhimmisaa isaanii ilaalatu kan biraa waliin haala hojiirra olmaa isaarratti marii taasisuus obbo Iyyoob ibseera.
GEM-xlsum_oromo-train-10
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51306286
Isheen Eenyu? 13: 'Qabsoo Oromoo dura ansullee mirga dubartootaafis nan falma'
Godina Arsii magaalaa Adaabbaa keessattin dhaladhee guddadhe. Barnoota sadarkaa jalqabaa fi sadarkaa lammaffaas achumattin baradhe.
Isa booda jalqaba bara 2000 irrattin maatii kiyya (Abbaa fi haadha) waliin gara biyya alaa deeme. Barnootakoo sadarkaa lammaffaa kan hafes achumattin itti fufe. Barnoota sadarkaa lammaffaa xumureen kolleejjii biyya Ameerikaatti Saayinsii Siyaasaan digirii jalqabaa baradhe. Ergan digirii jalqabaa xumuree waggaa tokko boodammoo digirii lammaffaa Fayyaa Hawaasaa (Public Health) baradhe. Digirii lammaffaa kan biraa ammas Bulchiinsa Mootummaa (Public Admistration) baradhe. Bara 2013 Yuuniversitii oof Illinooy kan Chikaagoo fi Kan Ispiriingifiildi jiran keessaa eebbifamee ba'e. Seenaa akka quuqamtuu mirga namaa.... Abbaan kiyya miseensa Adda Bilisummaa Oromoo waan tureef maatii kiyyarratti dhiittaa mirga namoomaatu qaqqabaa ture. Oromoon akka keenyaa hedduun hacuucamaa turan, naannoo an keessatti guddadhettimmoo mirgi dubartootaas sarbamaa ture. Waanti nama gaddisiisu Abbaanis intala tuma, Obboleessis obboleettii tuma, Abbaan manaas haadha manaa tuma, hunduu dubartiidha. Kanaafuu akkamiin kana keessaa baana kan jedhu na quuqa ture. Kana waan ta'eef waa'ee mirga namoomaa quuqamuu manuma barumsaattin eegale. Mana barnootaa keessa wayitan ture dhimma mirga dhala namaa, kan gurraachotaa fi dubartootaa keessatti akkaan hirmaachaan ture. Yuuniversitii oof Illinooy keessatti dura teessuu barattoota Afriikaarraa dhufaniin ture. Wayituman kolleejjii turemmoo Gamtaa Barattoota Oromoo uumnee hojjechaa turre. Bara 2004-2005tti nuti ijoolleen Oromoo nama lamaa fi lammii Sudaan tokko ofitti daballee alaabaa keenya Yuuniversitii keessatti mul'isne. Alaabaa Oromoo Alaabaa Afriikaa cinaa keenyee achirraa Oromoo beeksisuu eegalle. Barnootan baradhee fi quuqaman durumaan qabu walitti ida'amee daranuu saboota cunqurfamoof hojjechuurratti akkan hojjedhu na gargaare. Yuuniyenii barattoota gurraachaa keessattillee hirmaannaa olaanaa gochaan ture. Wayitan digirii lammaffaa baradhummoo Pirezidaantii barattootaa keessatti seenatara olaantuun ture. Oromoo addunyaatti beeksisuu An dura irratti kan irratti xiyyeeffadhe dhimma Oromoorratti hojjechuudha. Sababni isaammoo addunyaan waan Oromoo jedhamu kana homaatuu hin beeku. Oromoo sabi bal'aan kun addunyaadhaan wal'aalaee wayita jirutti ani hojiin kana beeksisuuttin ka'e. Sababa kanaan waggaa digdama Oromoof quuqamaa hojjechaa ture keessatti Addunyaan Oromoodhaan na beekti. Kaayyoon kiyyas kana ture. Bara 2006 Waldaa Dargaggoota Addunyaa kan mirga baqattootaaf falmu hundeessine. Obbo Jawaar Mohammad, Mohaammad Adamoo fi Arfaasee waliin taanee cimsine. Yeroma sanammoo Waldaa Hawaasa Oromoo magaalaa Chikaagoo keessatti dubartootaa fi dargaggoota bakka bu'ee sadarkaa adda addaarratti hojjedheera. Wiixine seeraa 'HR 128 Akkan wiixinee kana eegalu kan na dirqamsiise uummanni keenya nama dhibee isaa beekuuf dhabuusaati. Bara 2006 keessa dhaabbata "Enough project" kan jedhamu dhaabbata kan warra Sudaan Kibbaaf falmaa ture keessatti hirmaadhe. Dhaabbata guddaa mirga dhala namaaf falmuudha. Namoonni bebbeekamoon akka Baaraak Obaamaa akkasumas Ameerkaa bakka buutee UN keessa kan turte Samaantaa Paaworfaatu keessa turan. Isaan waliin turuunkoo akkamitti dhiibbaa uumanii mirga dhala namaa kabachiisuun akka danda'amu na barsiiseera. Qabsoon keenya kan Oromoollee akkas ta'uu ni danda'a kan jedhuun yaadi wiixinee kana bu'uuressuu naaf dhufe. Utuun kanaan jiruu warraaqsi bara 2014 keessa degale. Bara sana namni an baayyee itti dhiyaadhuu fi roorroo baqatee akka biyyaa ba'u itti himaa ture Obbo Baqqalaa Garbaa hidhaman. Kanaan anis xiiqii keessa galeen dhimmi keenya bakka guddaa ga'uu akka qabun murteessee, Kongireesii Ameerikaa jechuu dha. Dhimma kana namoota gameeyyii Oromoon qabdu kan akka Jawaar Mohaammad fi Mohammaad Adamoo akkasumas namoota birootti dhiyeessus jarri garuu waan dhugoomu waan itti hin fakkaanneef hin fudhanne. An garuu ittuman cliche. Bara 2016 carraan wiixinee seeraa kun ittiin naaf milkaa'uu danda'u uumamee ture. Hawaasi Oromoo Ameerikaatti hiriira guddaa ba'e. Isa booda anis marii isaanii gabbiseen akkaataa yaadi isaanii itti pirezidaantii Ameerikaa bira ga'urratti hojjechuun eegale. Yaadaa fi gaaffii uummataa kanaa gara kongireesii geessuun eegale. Haata'u malee wiixineen keenya inni bara 2016 lakkoofsa 861 jedhamu ni kufe. Sababiinsaas kongireesiin filannoo waan geggeesseef. Yerooma sanallee deeggersa nama 40 akkasii qabna turre. Ergasii kongireesii haaraan filamee, garuu bara 2017 keessa gama guddaan deeggersa argannee Wiixinee seeraa HR 128 ta'ee nuuf ragga'eera. 'Dhimma kanarratti kitaabas barreesseera' Kitaabi kiyya qabsoo fi bu'aa bayii qabsoo Oromoo bara 2016 hanga bara 2019 irratti xiyyeeffadheen barreesse. Keessattuu dayaasporaan biyya alaa jiru ilaalcha Ameerikaan Itoophiyaaf qabdu akkamiin jijjiira kan jedhuu fi tokkummaa Oromoo cimsuuf fala kan ta'e wal-amntaan akkamiin dhufuu akka danda'a kan jedhurratti qabxiiwwa hedduu kan kaa'eedha. Dhumarratti rakkoo Oromoo irratt falli maali kan jedhu bal'isee ibseera. Dubartootaaf maal buuste? Qabsoon Oromoo haa dursu malee dhimma dubartootaarrattis hojjedheera. Bara 2014 waldaa dubartootaa "Damboobduu Foundation" hundeesseen ture. Hiriyoota kiyya warra adii waliin taanee hundeessine. Shamarran kubbaa millaa akka taphataniif yuunifoormii biteeraaf. Mana barumsa bakkan itti dhaladhee jiru 'Bulchaa Raayyaa' keessatti bara 2014 irraa eegalee hamma har'aatti shamarraniif yuunifoormii fi kitaaba biteen dhiyeessa. Faawundeeshinii kana jalatti shamarran akka maallaqa qabattee hojii baraatti deemtuuf hamma har'aa deggeraan jira. Biyya alaattillee shamarran keessattuu kanneen baqattoota ta'an akkamiin jiruu, qajeelachaa fi karoora akka qabaataniif nan gorsa. Dhimma dubartootaarrattis waltajjiin argadhe hundarratti nan falmadha. Kitaaba kiyya keessattillee boqonnaan tokko dhimma dubartootaarratti kan xiyyeeffateedha. Amma maalirra jirti? Yeroo ammaa Itoophiyaan jira. Biyya kanan galeen waa kanaaf, Tokkoffaa haala sarbamiinsa mirga namoomaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti keessaahuu kan Oromoorratti raawwatamaa jiru ragaa qabatamaadhaan deggeree addunyaattin mul'isuu barbaada. Haalli Itoophiyaa keessa jiru haalaan na yaaddessa. Akka nama mirga dhala namaaf quuqamu tokkootti biyya alaa taa'ee dararaa uummata kanarra ga'aa jiru gurraa fi ija addunyaan ga'uun na rakkisa. Jaarmiyaa Addunyaas ta'e namni dhuunfaa wayita namni ajjeefamaa, hidhamaa jira jettuun ragaa qabatamaa si gaafatu. Kanaafuu anis keessa jiraadhee waan qabatamaa addunyaatti gabaasuufan dhufe. Lammaffaan ammoo partilee siyaasaa Oromoo waliin haala jiru dubbachuun barbaada. Filannoo bara 2020 irratti ni hirmaattaa? Paartilee siyaasaa Oromoo kan Obbo Daawud Ibsaa, Piroofeesar Mararaa Guddinaa fi Birgaader Janaraal Kamaal Galchuun durfamu waliin marii eegalleera. Qabsoo Oromoo keessatti waggaa 17 ol dabarseera. Oromoon yeroo ammaa yeroo murteessaarra ga'eera. Gartokkotti ba'uun dirqama dha. Anis ammoo akka nama qabsoo kana keessa tureetti murtibi na barbaachisa. Yeroon filannoodhaaf ji'a ja'a caalaa hin hafne. Kanaafuu paartilee Oromoo waliin mari'annee yoo haalli na dirqamsiise gara paartii siyaasaa deemuun kiyya waan haftu miti. Ani akka nama tokkootti Oromoof waa buusuutu narra jiraata, wantin gochuu qabu jira jedhee yoon itti amane murteessuun kiyya hin oolu. Ammaaf Haalan qorachaa jira. Murteesauun kiyya garuu waan oolu miti. *Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.
GEM-xlsum_oromo-train-11
https://www.bbc.com/afaanoromoo/53507389
Obbo Dajanee Xaafaa dhukkubaaf saaxilamaa jiru jechuun maatiin yaaddoo qaban ibsan
Hoogganota Olaanoo Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda hidhaa jiran keessaa tokko kan ta'an qondaalli olaanaa paartichaa Obbo Dajanee Xaafaa koronaavaayirasiin irratti argameera shakkii jedhuun hospitaala Eekkaa Kotabee galunsaanii maatiin himan.
Obbo Dajanee Xaafaa Haati Warraa isaanii Aadde Assellefech Mulaatuu, Obbo Dajaneen waaree dura ambulaansiin fuudhamanii hospitaala Eekkaa Kotabee kan namoonni Covid-19n qabaman itti yaalaman galuu BBC'tti himaniiru. ''Obbo Dajaneen ni shakkaman malee qabamuun isaa natti hin himamne garuu namoota 16 wajjin hidhaman keessa afur dhibee kanaan qabamaniiru'' jedhan. Haata'u malee, hospitaalli Eekkaa Kotabee kan namoonni vaayirasichaan qabaman qofti itti yaalaman ta'uu BBCn hojjetaa hospitaalichaa irraa mirkaneeffateera. Adda Assellefech akka himanitti, abbaan warraa isaanii erga to'atamanii torban lama kan guute yoo ta'u, yeroo sana naguma isaanii turan jedhan. Maayikalaawwirraa gara mana barumsaa Inqulaal Faabrikaa jedhamu bakka dhibee kanaaf isaan saaxilu tursiisan kan jettu haati warraa Obbo Dajanee Xaafaa, manni inni keessa ture ijoolleen baayeen koronaavaayirasiin qabamanii kan keessaa bahan ta'u odeeffannoo akka qaban himu. Sababiidhuma koronaavaayirasiitiif jecha nyaata manaa akka hin geessineef dhorkamuus himan. Qorannoon kaleessa vaayirasichaarraa bilisa ta'uu itti himamulleen deebiyamee namoota koronaavaayirasiin shakkaman faana waan turteef bakka tursiisaa deemtaa jedhanii fudhanii deeman jetti. "Hospitaalicha deemnaan ammoo to'annoo poolisii jala jira jedhamuun dubbisuu nu dhorkan," jedhu Aadde Asselefech. Gama kaaniin haalli fayyaa Obbo Dajanee Xaafaa hanga guyyaa kaleessaa sa'aa 3:00ti nagaa akka ture kan himan abukaatoon isaanii maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan, "kutaa Obbo Dajaneen itti hidhamanii turan keessa namootni 11 koroonaan qabamanii turan," jedhan. Obbo Dajaneen qorannoon dhibee Covid-19 erga taasifameef booda dhibicharraa bilisa jedhamanii akka turan kan himan abukaatoon isaanii kun guyyaa kaleessaa hospitaala Eekkaa Kotabee geeffamuun darbii lafa jalaa keessatti hidhamuu isaanii himan. Dhibee Covid-19n qabamuufi dhiisuu Obbo Dajanee Xaafaa yeroo deebisan "wanti mirkanaa'e hin jiru. Boodarra yeroo dhageenyu kutaa namootni koroonaan qabaman keessa waan tureef carraa qabamuutu jira waan jedhu shakkiidha malee qorannoon adeemsifamee koroonaavaayiraiin qabame jedhamee wanti mirkanaa'e hin jiru," jechuun deebisan. Guyyaa har'aa gara mana murtii deemun iyyannoo akka galfatan kan himan abukaatoon Obbo Dajanee Xaafaa, "akkaataa firri ittin gaafachuu danda'u. Nyaatallee akkatti dhiyeessuufii dandeenyuufi haala bilbilaanillee nu waliin qunnamuu danda'u manni murtii akka ajaja nuuf laatu ni gaafanna," jedhan. Reeffi artiist Haacaaluu Hundeessaa gara maatiitti akka hin deemne ittisuu fi gara magaala Finfinneetti akka deebi'u taasisuun jeequmsi akka ka'u taasistaniirtu jedhamuun kan shakkaman Obbo Dajanee Xaafaa yeroon beellamaa guyyaa 10 irratti gaafatamee Adoolessa 19 bara 2012 beellamamuu isaanii abukaaton isaanii himaniiru. Odeeffannoo dabalataaf hoogganota hospitaalichaa, Poolisii Finfinneefi Federaalaa, akkasumas Ministeera Fayyaafi Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itophiyaatti bilbillus argachuutti hin milkoofne. 'Hooggantoota paarticha hidhuufi waajjiraalee caccabsuun dhaabicha dadhabsiisaa jira' Gama biraatiin ammoo KFO'n sadarkaa godinaafi aanaatti waajjirraaleen jala caccabuufi saamamuu akkasumas, hooggantoonni ammoo jalaa hidhamaa jiraachuu komataa jira. Mootummaan waajjiraalee paartichaa caccabsuufi hoogganota olaanoofi jiddugaleyyii hidhuun dhaabicha dadhabsiisuutti jira jedhu Itti-Gaafatamaan Waajjira Muummee KFO Obboo Xiruneeh Gamtaa. Waajiraaleen aanaaleerraa qabanis guutummaatti haala jedhamuun cufamaniiru ykn cabsamuun saamamaniiru jedhan. Arsii aanaalee Kokosaafi Kofalee dabalatee aanalee 14, akkasumas Agaarfaa keessattis humna mootummaatiin cabsamanii saamamaniiru jedhu. Kofaleettii halkan kan cabe, garuu otoo namni arguu saamame akka Obbo Xiruneeh dubbatanitti. "Namoota mootummaan bobbaase cabsuu addaan baafamee beeekameera. Hooggantoonni maaliif ta'e jedhanii gaafatan ni reebamuu, kaanis ni hidhaman." Hooggantonni waajiraalee kana hoogganaan wayita hidhaman, waajiraaleen ammoo ni cufaman kan jedhan Obbo Xiruneeh, amma sadarkaa hojjachuu hin dandeenyerra geenyeerra jedhu. Yeroon amma keessa jiru waanta ta'e gaafachuufis ta'e marisiisuuf mijataa miti kan jedhan itti-gaafatamaan Waajira KFO kun miseensoonni paartii isaanii olaanoo kanneen akka Obbo Baqqalaa Garbaa, Jawaar Mohaammad, Hamzaa Booraanaafi Guutu Mul'isaarraa kaasee amma godinaaleetti kanneen jiran hidhamaniiru jedhu. Hooggantoonni paartichaa Godinaalee akka Harargee Bahaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaafi Shawaa Kaabaarraa turan hidhamaaniru jechuun hooggantoonni paartichaa hidhamuusaaniitiin koreen hojiisaa akka hin hojjenne dadhabsiisuu kaasu . Komii paartiin KFO kaasu kanaaf Dubbi-himaan mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetachoo Baalchaa garuu 'nuti warra isaan bobbaasantu qabeenya caccabse jenna ' jechuun waakkatan. Kan isaanii itti dabalanii caccabsuu danda'u, qabeenyi caccabeera kan eenyuyyuu haata'u jedhan. Du'uu namaafi caccabuu manaatiin siyaasa hojjachuudhaaf fedhisaaniiti jechuun deebisanii himatu Obbo Getaachoon. Obbo Geetachoon hooggantoonni KFO olaanoofi godinaaleerra jiran mana hidhatti funaanuun hojiisaanii dadhabsiisuu ilaalchisee gaafatamanii 'miseensa paartiiti ykn hoogganaa paartiichaa ta'usaanif otoo hin taane, yakkaan waan shakkamaniif hidhaman' jedhu Obbo Geetachoon. Dhaabbileen mootummaa 104, kan hafan kan dhuunfaarra miidhaan qaqqabuu himaniiru dubbi-himaan kun.
GEM-xlsum_oromo-train-12
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56420286
Aadaa Hojii: Hojii amma dalaguu dandeenyu maaliif borutti dabarsina?
Yeroo baa'yye namootii hedduun, hojjii yeroo sun dalaguu danda'an, yeroo birootti dabarsu. Waa'ee xinnoo akka iimeelii ykn ergaa gabaabaa namatti erguu ykn waan daqiiqaa tokko fudhachuu danda'u kan akka namaaf bilbiluu ta'u danda'a.
Hojii xinnoo yoo ta'e saffisaan dalaguun wayyoo qaba jedhu oggeeyyiin Yoo hojiin sun daqiiqaa shan qofa fudhata ta'e maaliif hin dalagin jettee of-gaafattaa? Hin aartaa? Dalagi xinnoon, dandeetii iddoo gar-malee guddaa sammuu teenna keessatti fudhachuu danda’u qaba. Ta'ullee, salphinaan hirʼisuun akka dandaʼamu, dursani akka dalagii kun sitti baayyateen hubachuu. Sanaan booda, yoo irra deebiin karaa hojii tanaan hojjachuu barbaanne qulqulleeffanee, miira keenna jijjirree, fedhii ofii qabachuu eegalle, dalaga xinnoo walitti kuufame nu aarsuu kana xumuruu dandeenna. Dalagii xinnoon maaliif waan garmalee guddaa nutti ta’a? Jechi Afaan Ingiliziin 'procrastination' jedhamu fedha ofiin hojii yeroo biraatti dabarsuudha jechuun ibsiti Yunivarsiitii Shiifildii Ingilaandiitti piroofeesara Saayikoloojii kan taate Fuschia Sirooyissa. “Namooti garii, hojii harʼaa boriif bulchuun sababa akkanaaf gaariidha jechuun sababa dhiheessan, haa ta'u malee, achi dabarsuun sirrii miti.'' Namoonii harʼa bor jedhan heedduunsaani dhiphina sadarkaa olaanaa qabu, hirriba dhabuufi hojii biroo hojjechuuf dandeettiin isaanii hir'isa. Gama fayyaa sammuu ammoo har’a bor jechuun dhiphinaan qabamuu fi yaaddoon wajjin wal qabata jedhan. Haaluma wal fakkaatuun, hariiroo namoota wajjiin qabnuu laaffisuu danda’a. Kunis, yoo waan har’a hojjachuuf mallu boruutti dabarsine, amanamummaa namoota kaan wajjin qabnu cabsa waan ta'eefi. Dalaga gurguddaa fuula duratti dabarsuun maaliif akka ta’e hubachuun salphaadha; sodaachisaa ta’u danda’a, sammuu waan dadhabsiisuuf ta'u danda'a, yeroo baayyee fi humna guddaa fudhata waan ta'e ta'uu mala. Gama kaanin ammo dalagii xinnoon bifa nama aarsuu qaba. Ogeessi xiin - sammuu Sirooyissa irraanfanneef hojii boruutti hin dabarsinu jetti; beekaa itti-yaadnee, shakkii, sodaa fi miira gaʼumsaa qabaachuu dhabuurraa dalaguu dhiisuu filannee jetti. Garmalee guddatee - kooba gaara ta’e ta’aa Namootii hedduun hojjii amma guyyaa birootti dabarsuun, yerookeetti itti fayyadamuu rakkoo ta’un wal qabata jedhu. Sirooyissaan garuu miiran fayyadamuudha jetti. “Namooti dalaga fuula duraatti dabarsan kundhibaaʼaa gammachuu qaban miti, kan wommaafuu hin yaaddofne miti,” jetti. “Dhugumaan isaan, har’a bor jechuu kana yaadda’anii, dhiphatani, garmalee of ceepha'u.” Yaaddoo tun sammuuf miiraa humna keenya nu jalaa fixee, dandeettii rakkoo tana furuun hir'isa. Ni yaaddessa: rakkoon tiyyaa maalii? Maaliif hojjii xinnoo tana fixuu dadhaba? Yaadii kun keessa dheerate, miira hamaa keessa galcha. “Gaafa hojiin tun xinnoo fuula duratti dabarsitan, amma garmalee guddatee waa’ee gara fuulduraa ilaalchisee shakkiifi sodaatu isaanitti dhaga’ama,” jetti Sirooyissaan. “Garmalee guddate- kooba gaara ta’e ta’aa.” Sababni biroo kan dalagii tuulamuuf, akka hojii guggurdoo, yeroo murtaaʼee guyyaa xumuraa waan tokko itti raawwatamuu qabu dhabuunsaa sababa tokko ta'u danda'a. Utuu yeroo hin balleessiin, akkamiin dalaga xinnoo hojjechuu dandeenya? Kanaaf, akkamiin hojii nama sodaachisuu tana dalaguuf wanti nama kakaasu maal ta’uu qaba? Yuunivarsitii Karletooniitti piroofeesara Saayikoloojii kan ta’e fi barreessaa furmaata rakkoo har’a bor jechuu Tiimootii Siichil, kaka'umsaafi gocha hordofaa jedha. Kanaaf, osoo maaliif akka hin hojjanee hin yaadin osoo saffisaan dalagdanii gaariidha jechuun ibsa. Yeroo ittaanutti, yoo qaamii kee, ”hojjachuu hin fedhu’ jedhee iyyee, gochi itti aanuu kan ani raawwachuu danda’u kami jedhi of-gaafadhu. Kanaan booda, wanti raawwatuu, gama miiraa irra gama gocha deebi’a jedha. Akki biraa hojjii xinnoo, guggurdootti makuu. “Hojii guyyaa guyyaan hojjennu gidduutti hojjachuu dandeenna, fakkeenna, ganama cufaa, daqiiqaa 15 osoo cireen hin bilchaatiin, mana qulqulleeffadha,” jedha Siichil. Kun waan hedduu gargaara, maaliiif? Yeroo hin balleessine jechuudha. Piroofeesaroti lamaanuu, akka of-jaallannu dubbatan. Yoo hojiin tokko ulfaataa ykn si nuffisiisaa ta’e, miira birootin akka ilaaltuu fedhan, ulfaataa ta'ullee waan haaraa irra baruuf deemaa jette yoo hojjatee, rakkisaa hin ta’u.
GEM-xlsum_oromo-train-13
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45493692
Hoji uumaa Gaanaa keessatti kalaqa egereef abdii ta'aa jiru
"Gooftaa koo, Gooftaa koo, Gooftaa koo" jechuun ijoolleen soddoma caalan gammachuun iyyaa teessoo mukaa daree isaanii irraa utaalanii bahan. Dareen isaanis qarqara sulula margaan faayamee irra jira.
Lafa ijoolleen saayintistii ta'uu itti baratan Dorgommichi Mana Barumsaa Giddugaleessa Sadarkaa Lammaffaa Bereekuusoo qarqara magaalaa guddoo biyya Gaanaa,Akraatti argamu keessatti. Innis eenyu dursee shiboowwanii fi tiraanziistaroota walqunnamsiisuun meeshaa sagalee guddaa dhageessisu tolchuu akka danda'u ilaaluufi. Sakandoota muraasa booda ,kutichi sagalee baay'ee iyyuu fi guddaa ta'e hedduun guutame. Ijoolleenis gammachuun of wallaalan. Eenyu akka mooyate addaan baasanii himuun hin danda'amu ture. Waggaa tokko dura,ijoolleen kunneen waa'ee elektirooniksii gabatee gurraacha, boronqii fi kitaaba fayyadamuun barachaa turan. Amma garuu sarkiiwutii mataa isaanii tolchuudhaaf wantoota barbaachisan hundumaa of biraa ni qabu. Kalaqa Kitaaba Barataa Hojii malkaayaa kana hunda duubaan kan jiru dargaggoo waggaa diigdamii-shanii Chaarlas Ofoorii Antiimpeemiiti. Olkaayanni Meeshaa saayinsii hanga sanduuqa gurraattii xinnoo geessu tan gatiin ishiis kitaaba barataatiin walgituu (doolaara kudha-shan) ta'e, tan keessi ishii meeshaa elektirikaatiin guutamte kalaqeera. "Meeshaalee adda addaa deeskii barattootaa irra keessee yeroo isaan sarkiiwutii elektirikaa jalqabaa hojjetan ilaanuun nama hawata.Sanatu akka nuti gara fuula duraa deemnu nu taasise. " jedhe. Chaarlas kaampaanii Deekist Teeknoolojii (Dext Technology) jedhamu ji'oota kudha-saddeet dura hundeesseera. Amma kaampaaniin isaa miseensota sagal qaba. Hanga ammaa olkaayata meeshaalee saayinsii kuma shan caalan manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa biyya Gaanaa keessa jiranitti gurgureera. Yaadicha kan jalqabe hiriyyaa isaa kutaa tokko waliin baratan Maaykil Asaantee Afriifaa kutaa ciisichaa yookiin doormii yuunivarsiitii keessatti ture. Tokkoon tokkoo daa'imman Gaanaa waggoota lamaan dhufan keessatti olkaayata meeshaa saayinsii tokko akka argatan fedhu. "Kitaaba irraa beekumsa argachuun waan tokko ta'ee,yaaliidhaan muuxannoo gonfachuun garuu waan baayyee barbaachisaadha." jedhe. Chaarlas Ofoorii Antipeem kiitii saayinsii kana daa'imman guutuu Afrikaa biraan gahuuf abjuu qaba Barri 2020moonni gosoota hojii beekumsa saayinsii,teeknoolojii,injinariingii fi Herregaa barbaadan akka ta'u abdatama. Hojiiwwan addunyaa meeqa ogummoota kanneen akka barbaadan namni beeku tokkollee haa jiraachuu baatu maalee,hojiiwwan dhibbeentaa saddeetama(80%) ta'an akka kallattii haaraa beekumsa saayinsii,teeknoolojii,injinariingii fi Herregaa barbaaduu akka danda'an tilmaamameera. Garuu biyyoonni Afrikaa Sahaaraa gadii invastimantii barnootaa fi leenjii saayinsii,teeknoolojii,injinariingii fi Herregaa (STEM) irratti baay'ee duubatti hafaniiru. Galma Misooma Itti fufiinsa qabuu (sustainable development goal (SDG)) bishaan dhugaatii qulqulluu fi qulqullina naannoo waliin gayuuf qofa, biyyoota kanneen injinaroonni miiliyoona lamaa fi kuma dhibba-shan (miiliyoona 2.5) akka isaan barbaachisan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ibseera. Doktar Toomaas Taagoowee miseensa Waldaa Saayinsii biyya Gaanaati. Daa'imman keessatti jaalala saayinsii uumuun daran barbaachisaadha, sababnisaa immoo biyyattiin injinarootaa fi ogeessota ciccimoo Teeknoolojii Qunnamtii(IT) gahaa hin qabdu waan ta'eefi jedhan. "Barri isaa bara dijitaalaati.Kanaaf namoota carraa kanaan hojjetanii nu fayyadan barbaanna."jedhan.. "Kana jechuun,biyya guddataa jirtu jechuu irraa gara biyya hojiin karaa saayinsaawaa ta'een itti hojjetamuutti deemuu ni dandeenya jechuudha." Seerota Saayinsii Chaarlas mana saayinsiin hoogganamu keessatti guddate.Abbaan isaa,kan waggoota muraasa dura du'aan boqate,mana barumsaa tokko keessatti saayinsii barsiisaa ture. "Abbaan keenya,beekumsa gosa kamiiyyuu taanaan akka nu carraa argameen fudhannu barbaadaa ture. Keessattuu,kanneen saayinsiin hidhata qaban akka beeknu nurraa barbaadaa ture." Garuu,Chaarlas yeroo mana barumsaa turetti intarneetii yookaan meeshaalee saayinsii fi teelnoolojii carra argachuu hin qabu ture. "Wantoonni rakkoo turan meeshaaleema ani harkaa qabu turan." jedhe, daa'imman harraa rakkoon suni akka isaan hin muudanneef haala jijjiiruu akka barbaadus ibsuudhaan. Gatiin kiitii saayinsii doolara Ameerikaa kudha-shan qofa "Dhaloota dhufu kan abbaan koo na ga'oomse caalaa humneessuun yookiin ga'oomsuun akka waan hojii koo dirqamaa tayetu natti dhagayama.Haala sanaan rakkoowwan gurguddoo dhufan qolachuu ni dandayu jechuudha." Kallattii kaba lixaatti fageenya sa'aatii jahaa Bereekuusoo irraa fagaattee magaalaa Kumaasii tan teeknoolojiin beekamtu keessatti woorkishooppii xinnoo keessatti gareen Chaarlas olkaayata meeshaa saayinsii walitti qindeessuudhaan hojiin kalaqaa hojjechguun qabamaniiru. Kondaaktaroota kumaatamaan laakkayaman rezistaroota xixiqqoo irratti baqsuun walitti suphaa jiru. "Tole,egaa kunooti." jedhe Chaarlas sanduuqa gurraattii xinnoo olqabee boonaan.Akkaataa itti banamuu fi cufamu ilaalchisee, meeshaalee elektiroonikii ittiin hojjetame,sibiilota sirna elektiroomaagneetizimiitiif oolanii,sanduuqa ifaa, daawwitiiwwan fi gara walakkaatti ammoo baatriiwwaan kanneen hundaaf anniisa kennan mul'isa. Chaarlas qaamolee maamila ta'uufii malan bilbilaan haasawanii wal beellamatanii jiru. Isaanis olkaayata meeshaa saayinsii gara biyya ollaa Gaanaa oomisha kookowaatiin beekamtu biyyi Aayvoorii Koostis gara manneen barnoota isaanii akka galu kanneen fedhii qabaniidha. Ogeessa gurgurtaa gaariidha. Gaaffii gaafatame akkaataa salphaan deebisa. Bilbilaan haasawee yeroo xumuru fuulli isaa gammachuun ifa. "Haala gaariin raawwatame" jechuun ibsa yoo namoonni olkaayata meeshaalee saayinsii muraasa yaaliidhaaf bitachuuf gaafatanii waliigalan. "Suni ammoo baay'ee bitachuuf akka ajajan isaan taasisa yookiin olkaayata meeshaa saayinsii irratti akka qabeenya akka dhangalaasan sababa ta'a."jedhe. Bereekuusoo daandii dhukkeen guutame irra kiilimeetira muraasa mana barumsichaa irraa fagaatee bakka jiru tokkotti Piriinsas Maakaafuyii fi hiriyyoonni ishii taa'anii hojii manaa isaanii hojjetu. Piriinsas Maakaafuuyii fi hiriyyoonni ishii kiitii saayinsii fayyadamuun dorgommii moo'atanii jiru Maatiin ishii mana ijaarsi isaallee hin xumuramin tokko keessatti dayeeffatanii jiraatu. Ifaa yookaan elektirikii dhiisaatii manichi keenyaa yookiin gidaara manaatuu isa sirrii hin qabu.Aduun dhiitee galgaloofnaan,ifaa ofii isaaniitii kalaqan minjaala tokkorra walakkaa manaa kaayanii hojii isaanii hojjetan. Piriinsas boonaan afaan guuttattee,"Kuni kuubii ifaati."jettee dubbatti. "Kana jechuun nuti hunduu fuula kuubii gama keenya aaneen ifaa argachuu hoji-manee keenya hojechuu ni dandeenna jechuudha.Piriinsasii fi gareen ishii ijoollee shamarranii kudha-lama qabu kalaqa isaaniitiin dorgommii saayinsii sadarkaa naannoo moo'ataniiru. Olkaayata meeshaa saayinsii fayyadamuudhaan kalaqan. " Olkaayatni meeshaalee saayinsii otoo hin dhufin dura,kutaaleen saayinsii keenya baayyee nuffisiisoo turan. Saayinsii hubachuu hin dandeenyu ture. Sababni ammoo barumsicha yaad-hiddama(tiyoorii) qofaan barachaa waan turreefi."jette Piriinsas. Chaarlasiif, yaanni dhaloota kalaqtootaa haaraa uumuu wanta ijoo inni qalbii isaa irra kaayee abdateedha. "Yeroo barattoonni olkaayata saayinsii isaanii fayyadamanii waa kalaqan arguun dhugumaan qabxii nuti mirkaneeffachuuf yaalaa turreedha. "Barattoonni akka meeshaalee argatan taasifnaan,beekumsa fayyadamanii rakkoowwan naannawa isaanii jiraniif fala barbaaduu ni eegalu." Kalaqaa kalaqtoota uumaa jiruu? "Waan gaarii fakkaata, " jedhe,fuuli isaa gammachuun ifee. "Abbaan koo otoo silaa as jiraatee, hojii kiyyaan akka boonu shakkii hin qabu. "
GEM-xlsum_oromo-train-14
https://www.bbc.com/afaanoromoo/43342070
Itoophiyaafi Raashaan waliin Niwuukileera gabbisuuf
Itoophiyaafi Raashiyaan sagantaa gabbisa Niwuukileera irratti walii galuusaanii barame.
Biyyoonni lamaan walta'iinsaan Itoophiyaa keessatti Niwukileera gabbisuu kan isaan dandeessisu jiddugala qorannoo Niwuukileeraa Itoophiyaa keessatti dhaabuuf waliigalan. Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Dr. Warqineh Gabayyoo, Ministira Haaja Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov kan dowwaannaa hojii Itoophiyaatti taasisaa jiran waajjira isaaniitti simatanii haasofsiisanii jiru. Waliigalteen irra gahame kunis ibsa marii isaaniin booda qondaalonni lamaan waliin ta'uun gaazexeessitootaaf kennan irratti himame. Hojiin gabbisa Niwukileeraa kun waliigalteen barbaachisu biyyoota lamaan gidduutti akkuma mallattaa'een ni eegala jedhan Sargee Laavroov. Biyyoonni lamaan hariiroo dippiloomasii waggoota 120 kan qaban ta'uu eeruun walta'iinsa diinagdee fi invastimantii, dhimma nageenya gaanfa afriikaafi fedha biyyootni lamaan waliin qooddatan biro irratti mari'achuu Dr. Warqineh Gabayyoo dubbataniiru. Sagantaan gabbisa niwukileeraas faayidaa naga qabeessaaf akka ta'e dubbataniiru. Balala'iinsa xiyyaaraa kallattiin Finfinnee irraa gara Moscow guyya guyyaan akka eegalamu walii galuun isaaniis ibsa kanarratti himameera.
GEM-xlsum_oromo-train-15
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57179106
Seenaa daa’imman waldhabdee Israa’el-Paalastaayiniin lubbuun isaanii darbe
Lola ammaa Israa'el-Paalestaayin kanaatiin namoota Gaazaa keessatti ajjeefaman 219 keessaa 63 ijoollee akka ta’an, Ministeerri fayyaa himeera. Israa’eelitti ammoo namoota 10 du’an keessaa lama, ijoollee akka ta’an tajaajilli fayyaa biyyattii ibseera.
Da'imman ajjeefaman keessaa armaan gaditti seenaan ijoollee muraasaa kunooti. Ijoollee maatii al-Kawaalek, umurii ganna 5 hanga 17 Haleellaan Israa’eel Dilbata yemmuu giddugaleessa magaalaa Gaazaatti daandii al-Wihdaa rukute, yoo xiqqaate miseensonni maatii al-Kawatek 13 manni isaani irratti jijjigee lubbuun isaanii darbeera. Namoota du’an keessaa hedduun isaani ijoollee akka ta’aniifi, tokko daa’ima umurii baatii ja’a akka ta’e himameera. “Aara malee homaa hin agarre,” jechuun miseensi maatichaa balaa kana jalaa oolte Sanaa al-Kawale, miidiyaa interneetaa Felesteenitti himteetti. “Ilmakoo na bira ture arguuniin dhabe, haammadheenis ture garuu homaa arguu hin dandeenye.” Humni Ittisaa Israa’eel (IDF) haleellaan kun “kan hin baramne” akka ta’eefi lammileen nagaa du’uun isaanii kan karoorfame miti jedha. Dubbi himaan IDF akka jedhutti haleellaan kun boyiin akka jigu godhee achumaan manneen jigseera. Kanneen ajjeefaman keessaa obbolaan dubaraa Yaaraa ganna 9, fi Ruulaa ganna 5 ni argamu. Barsiisaan isaani tokko ijoolleen kun barattoota amala qaban, kan yeroo hunda hojii manaa isaani hojjatan turani jechuun BBCtti himeera. Suuraan miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame mucaa ganna 10 Aziiz al-Kawaalek, reeffaa harmee isaa bira ta’ee jiru agarsiisa. Maatii isaa kallattii keessaa isa qofatu lubbuun oole. Idoo Avigaal, ganna 5 Namoota Israa’eel keessatti du’an keessaa kan umuriin xiqqaa ta’e daa’ima ganna shanii Idoo Avigaal kan Roobii magaalaa Sideroot keessatti ajjeefamedha jedhamee yaadama. Yeroo sagaleen akeekkachisaa rokkeettii dhaga’ameetti harmeen isaa isa qabattee kutaa haleellaa damdamachuuf qophaa’e akka seente, Times of Israel gabaaseera. Sibiilli rokkeetticha irraa fottoqe sibila ittisaaf foddaa kutaa sanaa haguugee ture uree seenuun harmee fi obboleettin isaa ganna torbas madaa’aniiru. Miidhaa irra ga’een sa’aatii hedduu booda lubbuun isaa darbe. “Mana keenya turre, ijoolleen xiqqoo nuffinaan, haati warraakoo Shaanii mana obboleettishee mana lama darbee jiru fuuteenii deemte,” jechuun abbaan Idoo, Asaaf Avigaal Channel 13tti himeera. Awwaalcha ilma isaa irratti Avigaal “bakkakee balaa kanaan hin du’iin hafuukootti dhiifama” jechaa ture. Harmeen Idool ammallee hospitaalatti wal’aanamaa jirti. Nadiin Awaad, 16 Roobii yemmuu rokkeettiin konkolaataa fi mana isaani rukute barattuun lammi Araba- Israa’eel ganna 16 Nadiin Awaad abbaa ishee ganna 52 waliin turte, lamaan isaani haleellaa kanaan du’aniiru. Harmeen ishee, konkolaaticha keessa turte, guddaa miidhamtee akka jirtu ogeessonni fayyaa ni himu. Durbiin ishee, Ahmad Ismaa’il mana keessa ta’ee sagalee rokkeettichaa akka dhaga’e hima. Kun kan ta’e magaalaa Lood bakka Yihudoonni fi Araboonni waliin jiraatan keessattidha. Namootni ishee beekan Nadiin ‘dubara qaxalee” fi barattuu oggeessa fayyaa ta’uuf abjuu qabdu turte jedhu. Ijoollee maatii al-Hadiidi, umurii ganna 6 hanga 13 Jimaata irra ijoolleen Muhaammad al-Hadidii afran- Suhayab, ganna 13, Yaahya, ganna 11, Abderraahim, ganna saddeet fi Osaamaa, ganna ja’a- ayyana Iid durbii isaanii wiirtuu baqattoota Shati jiran waliin kabajuuf wayyaa isaani mimmiidhaga uffatanii ba’ani. “Wayyaa Iid isaani uffatanii, ashaangulliitii isaanii fudhatanii ayyaanicha kabajuuf gara mana eessuma isaanii deemani,” jechuun abbaan isaani ganna 37 gazexeessitootti himeera. “Galgala sana bilbilanii asuma bulla jedhanii na kadhatanii jennaan toleen jedheeni.” Guyyaa itti aanuu gamoon isaan keessa turan rokkeetiin rukutame. Obboleessa isaanii umurii baatii shanii qofatu lubbuun oole, innis kan lubbuun oolee gamoo kukkufee jala reeffa harmee isaa bira ciisee utuu jiruu argamee erga baraarameedha. “Mana isaani keessa nagaan turani, meeshaa waraanaa hin qabani, rokkeettii hin dhukaasne,” jechuun Muhaammad wa’ee ijoollee isaa dubbata. “Maal balleessanii akkanaan ajjeefamani? Nuti lammilee nagaadha.” “Ijoolleenkoo yeroo rafan, yemmuu hiriibaa ka’an wanti hunduu nagaa ta’a jedhanii abdataniiti. Amma garuu hin jirani. Yaadannoo isaanii fi urgaa isaani mana keessa jiru qofan qaba,” jechuun Muhaammad miidiyaa The Times’tti himeera. Ibraahim al-Masry, 14 Ibraahim al-Masrii Akka gabaasaleen himanitti, torban darbe yemmuu rokkettiin isaan rukutetti, Ibraahim al-Masirii obbolaansaa waliin dallaa mana isaani kaaba Gaazaatti argamu fuldura tabachaa ture. Ibraahim, obboleessi isaa Marwaan fi firoottan isaanii hedduun, battaluma sana du’ani. “Ramadaan irratti yeroo hunda Ifxaara dura akkanuma daandiitti ba’anii taphatu,” jechuun abbaan isaani Yuuseef al-Masrii The Independent’tti himeera. “Yeroo dhufu hin agarre, dhukaasa gudda lama qofa dhageenye… namni hundi daandiirra fiigaa ture, ijooleen dhiigaa turanii, hadhooliin boo’aa turani, dhiigni bakka hunda jira ture.” Obboleesi isaani maqaan isaa Ibraahim ta’e, gabaatti gurguruuf jecha citaa korojootti sassaabaa akka turan hima. “Nuti taphachaa fi kolfaa turre, yeroo isaan tasa nu haleelan wanti nu marsee jiru hundi gubaachuu eegale,” jechuun AFP’tti himeera. “Durbiiwwankoo yeroo ibiddaan gubataniifi qamnii isaani ciccituun arge.” Hamzaa Nassaar, ganna 12 Roobii galgala Gaazaatti Hamzaa Nassaar sooma Ramaadaanaa hikuuf harmeen isaa hirbaata akka tolchutuuf kuduraa bituuf jecha manaa gadi ba’e. Manatti hin deebine. Haleellan Israa’eel bakka awwalchaa Abu al-kas biratti gaggeeffame Hamzaa ajjeese, jechuun Al Jazeeraa gabaaseera. Hamzaan barataa cimaa fi mucaa amala qabu ture jechuun abbaan isaa dubbateera. Talaa Aymaan Abu al- Awuuf, ganna 13 Talaa Aymaan Abu al-Ouf obbooleessaa ishee kan waggaa 17 waliin ajjeefamte Haleellaan mana al-Kawalek rukute, ollaa isaanii daa’ima ganna 13 Talaa Aymaan Abu al-Awuuf fi obboleessa ishee ganna 17 Toofik ajjeesseera. Abbaan isaani Dr Aymaan Abu al-Awuufis halleellaa kanaan ajjeefame. Dr Aymaan hospitaala Shifaa magaalaa Gaazaatti hogganaa kutaa wal’aansaa dhibee qaama keessaa fi dursaa ittisa koroonaavayirasii ture. Barsiisaan ishee kutaa torbaffaa maqaa isaa himu hin feene, Taalaan “barattuu cimtuu barnoota amantaa jaallattuu fi Quraana dubbisuufi sammuutti qabaachuu jaallattu turte jedheera. Dabalataanis Wiirtuu Baqattootaa Norweejiyaan (NRC) keessatti Talaan hojii ijoollee balaan xiinsammuun isaani miidhame gargaaruuf hojjatamu irratti hirmaachaa turte. Hogganaan wiirtuchaa Hazaayfa Yazjii “durumaanuu guddaa miidhamniiru” jechuun BBCtti himeera. “Maraatummaan kun dhaabbachuu qaba… ijoollee kanaaf egeree kennuuf hokkorri dhaabbachuu qaba.”
GEM-xlsum_oromo-train-16
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54341482
Siyaasa Itoophiyaa: Gaheen miseensota Bordii Filannoo Itoophiyaa maaliidha?
Boordiin Filannoo Itoophiyaa miseensoota boodii qabu shan keessaa tokka kan ta'an Dr Geetaahun Kaasaa Wiixataa Fuulbaana 28, 2020 fedhiisaanitiin itti-gaafatummaasaanii gadhiisuu xalayaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti galfachuun isaanii ni yaadatama.
Birtukaan Midhaqsaa Walitti qabduu bordichaa yoo ta'an, dabalataan miseesnsoota afuriitu jira. Dr Getaahun Kaasaa, Obbo Wubishat Ayyalaa, Bizuworq Kattataafi Dr Abarraa Dagafaa miseensoota boordii ta'uun Waxabajjii ALI 2011 Mana Maree Bakka Bu'ootaan mudamunsaanii ni yaadatama. Gaheen miseensota boodriichaa maal? Bordiin Filannoo Itoophiyaa miseensoota shan qabatees dhimmi filannoofi murtee ummataa ilaalchisee qaama aangoo murteessuu olaanaa kan qabuudha. Kanaafuu, aangoo murtewwaan ijoo ta'an dabarsuu akka qabutu himama. Haaluma labsii hundeeffama Boordii Filannoo Biyyaaleessa 1133/2011tiin boordichi filannoo haala heera mootummaafi seera filannootiin gaggeefmuufi murteewwan ummataa kamiiyyu haala walaba ta'een raawwachisa. Miseensoonni bordii hojii raawwachiftuu bordii filannoo ammoo adeemsa filannoo keessatti seerrri cabee bu'aa filannoo geedaru umameera jedhee yoo amane bu'aa filannichaa haquun filannoon irra deebiin akka gaggeeffamu murteessuuf aango qabu. Bordiin hojii raawwachistuu boordii filannoos qaama koree komii dhaggahaa dhumaa ta'un kan tajaajilu yoo ta'u, bu'aan filannoo ifa taasisfamusaatiin dura bu'aa filannichaa ragaasisa. Akkasumas, gochawwan akka seerota filannoo raawwachisuu, paartilee siyaasaa to'achuu, paartiilee siyaasaatiif deeggarsa raabsuu, taajjabdoota filannootiif hayyama kennuufi to'achuu. Meeshaalee filannoo qopheessuu, akkasuma bajata qopheessuun hojiirra oolchuu warri jedhaman aangoofi itti-gaafatamummaa boordichaa keessaa eeramaniidha. Miseensoonni Boordichaa attamiin filatamu? Miseensoonni boordichaa kan filataman tartiiba jiru hordoofuun kan raawwatamudha. Jalqaba MM koree kaadhimamtoota miseensoota boordii filatan hundeessu. Miseensi koree kanaa ammoo namoota hawaasa garaa garaa bakka bu'aniifi walaba ta'uutuu irra jiraata. Miseensoonni koree kanaas kan dhaabbilee amantaa, akaadamii saayinsii, konfedareshinii hojjattootaa, waldaalee daldaltootaa, komishinii mirgoota namoomaa, akkasumas waldaalee siviiliifi jaarsoolii biyyaa keessaa kan filataman ta'uu qabaatu. Isaan boodas koreen kun kaadhimamtoota miseensa boordii filanoo ta'aniif ummata, dhaabbilee siyaasaafi waldaalee siviilii keessaa eeruu dhiyeessa. Maqaa kaadhimamtootaas MMf dhiyeessuun erga fedhii saanii adda baaseen booda ummataaf ifa taasia. MM erga tarreen maqaa kaadhimamtootaa korichaan dhiyaateef booda bakka bu'oota paartilee siyaasaa waliin kaadhimamtoota dhiyaatan irratti mari'atu. Marii sanaan boodas MM kaadhimamtoota muuduuf Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti dhiyeessu. Erga manni marichaa kaadhimamtoota sagalee caalmaatiin raggaasiseen boodadha, kan kaadhimamtoonni kunneennis miseensa boodii filannoo ta'uun mudaman. Miseensonni Boodrii Filammoo eenyu fa'i? Miseensoota boordichaa keessaa Birtukaan Miidhaqsaa walitti qabduu boordichaati. Gama barnootaatiin, Birtukaan Yunvarsitii Hardvaarditti gosa barnootaa Bulchiisa Ummataatiin digrii lammaafffaa argataniiru. Isaan dura haadha seeraa mana murtii Federaalaa ta'uun tajaajilaniiru. Osoo baqannaan gara biyya hambaa hin deemiin dura ammoo miseensa paartii mormituu keessatti hirmaataa turan. Achumaanis filannoo bara ALI 1997 hordofuun hokkara uumameen irra deddebiin hidhamanii kan ture yoo ta'u, murteen umurii gutuu irratti murtaa'ee ture. Erga hidhaa bahanii booda garuu gara Ameerikaa imaluun barnoota itti fufan. Waggoota torbaan booda bara ALI 2011tti gara Itoophiyaatti deebi'uun Boordii Filannoo Biyyaaleessa biyyattii akka oogananiif mudaman. Yeroo ammaa kanas dura teessuu Boordichaa ta'uun hojjechaa jiru. Wubishat Ayyalaa- Ittaanaa Walitti qabaa Boordichaa Obbo Wubishat Ayyalaa Yunvarsitii Finfinnee irraa Seeraan digriin heebbifaman. Mana murtii Federaalaattis abbaa seeraa ta'uun tajaajlaniiru. Hojii isaanii dhiisuunis waajira mataasaanii banachuun hojii gorsa seeraafi abbokaatummaan hojjataniiru. Obbo Wubishat boordii filannoo biyyaaleessa gorsuudhaan, mariiwwan paartilee siyaasaa waltaasisuun, akkasumas sochilee boordichaa kan biraa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turaniidha. Akkasumas, sochiilee waldaalee sivikiifi hawaasummaa keessattilleen hirmaannaa olaanaa akka taasisaa turan himameera. Dr Abarraa Dagafuu - Miseensa Boordichaa Dr Asaffaa Dagafuu Yunvarsitii Finfinneetti Pirofeesara walta'aa Seeraati. Digriisaanii doktarummaas damee barnootaa 'Social Work and Social Develoment'n Yunvarsitii Finfinnee irraa argatan. Kana malees, Yunvarsitii biyya Neezarlaandiitti argamu 'Institute for social Study' irraa ammoo gosa barnootaa Misoomaafi Seera Idil-Addunyaatiin digirii lammaffaa isaanii argataniiru. Yunvarsitii Finifnneettis hojiisaanii idileetiin alattis itti-gaafatamummaa olaanaan bakkeewwan adda addaa irratti ogummaasaanitiin tajaajilusaanii kan himamuuf Dr Abarraan, Baankii Zaman, Yaa'ii Abukaatoowwan Ministeera Haqaafi Jornaalii Seeraa Oromiyaa keessatti miseensa boordii ta'uun hojjachuun isaanii ni himama. Osoo miseensa Boordii Filannoo biyyaaleessaa ta'uun hin mudamiin dura ammoo Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaatti Gorsaa Dhimmoota Seeraafi Haqaa ta'uun, akkasumas miseensa Komishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaafi Eenyummaa ta'uun hojjatanii ture. Durbee Bizuwarqi Kattataa- Miseensa Booridichaa Bizuwarq Kattataa barnoota isaanii olaanaa biyya Kuubaatti Yunvarsitii Havaanaa irraa Sirna Afaanitiin digrii lammaffaa argataniiru. Bizuwarq dhaabbilee garaa garaa keessatti tajaajilaniiru. Fakkeenyaaf, Komishinii Ittisaafi Qophaa'ina Balaa Tasaa, TV Itoophiyaa, Dhaabbata Akshiin Eyidi Intarnaashinal jedhaman keessa hojjataniiru. Akkasumas, dhaabbata Jarman kan ittisaafi walitti bu'insa hiikuurratti hojjatu tokko keessattis qindeessituu pirojaktii biyyaaleessaa ta'uun hojjattee jirti. Kana malees, dhaabbata tola-oltummaa 'Zeegaa La Idigat'' jedhamuuf bulchiinsa gaarii, ijaarsa dandeettiifi hirmaannaa sivikii jajjabeessuu tokko hundeessuun dura taa'ummaan tajaajilaniiru. Dr Geetaahun Kaasaa- Miseensa Boordichaa Ragaan marsariitii Boordichaa irraa argame akka mullisuutti, Dr Geetaahuun Kaasaa digirii isaanii doktarummaa Yunvarsitii Finfinnee irraa bara 2010tti argatan. Dr Geetaahun itti-gaafatamummaa adda addaa irra hojjataniiru. Naannoo Tigraayitti Itti-gaafatamaa Waajjira Haqaa, Yunvarsitiiwwan Finifinneefi Maqaleetti ammoo barsiisaafi Diinii Mana Barnootaa Seeraa ta'un, Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatti ammoo Daarektara Olaanaa ta'un tajaajilaniiru. Dr Geetaahun barreeffamoota qorannoo adda addaa barruulee biyya keessaafi biyya alaa irratti maxxansiisuun isaanii himameera. Erga miseensa Boorii Filannoo Biyyaaleessaa ta'uun mudamaniin boodas, erga gara waggaa tokkotiif tajaajilanii booda fedhiisaaniin hojjii gadhiisuuf gaaffii dhiyeeffachuun isaanii himameera. Waggaa tokko kana keessattis hojii olaanaa ta'a jedhamee kan eegamee ture filannoo marsaa 6ffaa biyyaaleessaafi naannoolee sababii koronaavaayirasitiin yeroo biraatti akka darbu taasifamunsaa ni yaadatama. Dhiheenya kana Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa filannichii bara bajataa Itophiyaa kana keessa akka gaggeeffamuuf qophiin barbaachisu akka raawwatamuuf murteesseera. Kan hordofuun ammoo yeroon isaa Boordichi hoji isarraa eegamu raawwachuu yeroo itti qabaatudha. Haata'u malee, yeroo kanatti miseensa boordichaa keessa tokko kan ta'an Dr Geetaahuun itti-gaafatamummaa isaanii gadhiisuuf murteessuun isanaii hedduutti gaaffii umeera. Dr Geetaahun itti-gaafatamummaa isaanii gadhiisuuf gaafachuun xalayyaa Mana Maree Bakka Bu'oota ummataatti galfachuun alattis, sababiin gadhiisaniif maal akka ta'e ilaalchisee kan jedhame omtuu hinjiru.
GEM-xlsum_oromo-train-17
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51202628
Finfinneetii hanga federaalizimii sab-daneessaatti - qabxiilee gurguddoo bu'aa filannoo 2020 murteessuu danda'an
Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa bara kanaa ji'a Hagayyaa keessa gaggeessuuf qophii irra jirti. Paartileen siyaasaa tokko tokkos deeggartoota isaanii waliin marii gaggeessuun gamanumaan qophii waan jalqabaa jiran fakkaata.
Haa tahu malee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannicha Caamsaa keessa bifa kanaan dura barameen gaggeessuu akka hin dandeenye beeksisun gara waktii gannaa ji'a Hagayyaatti achi buutuu isaa beeksisuun paartilee dorgomtootaa waliin irratti mari'ataniiru. Wixinee yeroo filannoo kenname kana irratti garuu paartileen siyaasaa hedduun akka walii hin galle ibsaa turan. Yeroo rooba cimaa biyyattiin argattuu fi waktii oomishaa waan taheef filannoo gaggeessuun ulfaataadha jechuun qeeqan paartileen tokko tokko. Gama biraan ammoo boordiin filannoo qophii barbaachisaa tahe xumuruufi jaarmiyaaleen siyaasaa wantoota guuttachuu qaban xumuruuf yeroon isaan barbaachisa jechuun wixinee yeroo filannooboordichi dhiyeesse kan deeggaranis jiru. Haala siyaasaa fi sochii paartilee amma biyya keessatti mula'chaa jiruun bu'aan filannoo kanaa qabxiileen murteessuu danda'an maal fa'aa tahuu danda'u? Odeessaalee kana waliin walitti siqan biraa dubbisuuf Qabxiilee ijoo bu'aa filannichaaf murteessoo tahan Gaaffii eenyummaa Itoophiyaan biyya sabaa fi sablammii taatus haalli ittiin saboonni waliin bulaa turan hunda wal qixa kan hirmaachisee fi kan fayyade miti jedhu xiinxaltootni. Biyyattiin kan ijaaramte eenyummaa, aadaa fi siyaasa sabaa fi sablammoota hunda gidduu galeessa karaa godhateen miti jedhamuun qeeqamaa ture. Paartileen siyaasaa hedduun biyyattiis sabummaa irratti xiyyeeffachuun kan ijaaramnidha. Filannoo dhufu irrattis bifuma kanaan kan dorgoman taha jedhamee eegama. Gama biraan bulchiinsa MM Abiy Ahmad jalatti walitti bu'insi sabummaa irratti xiyyeeffate babal'ateera jedhamuun qeeqamu. Kana irraa kan ka'es bakkeewwan garaagaraatti namootni sababa gosa ykn sabummaa isaaniif yeroo ajjeefaman ni dhagahama. Ogeessi seeraa, siyaasa Itoophiyaa dhiyeenyaan hordofu Dr.Heenook Gabbisaa, gaaffii belbeltuun amma Itoophiyaa keessa jirtuu fi baroota dheeraaf turte gaaffii eenyummaa fi mirga sabaa fi sab-lammootaati jedhan. Gaaffii kana ammoo jaarmiyaa siyaasaa federaalizimii sab-daneessaa irratti cimsee hojjetutu deebisuu danda'a jedhan. Heenook akkuma uummata Sidaamaa sab-lammootni kaanis gaaffii eenyummaa akka qaban kaasa. Uummata Qimaanti, Agaw, Kambaataa, Gediyoo fi kaanis akka fakkeenyaatti kaasa. Kun biyyattiin federaalizimii sab-daneessaa irratti guutummaatti ijaaramtee akka hin xumuramne agarsiisa jedhanii filannoo ammaa kana irrattis jaarmiyaalee dhimma kana irratti cimsanii hojjetantu sagalee caalmaa argachuu mala jedhan. Hayyuun siyaasaa Obbo Moonenus Hundarraa bara 1960 keessa eegaluun siyaasni Itoophiyaa keessa deemaa ture sabummaa irratti kan xiyyeeffatedha jedha. Kanaaf gama afaan, amantaa fi sabummaan paartiin gaaffii uummatni isaa qabu deebisuu danda'u shakkii malee sagalee argachuu danda'a jedhan. Rakkoo guddaan garuu paartileen siyaasaa imaammata jabaa biyyaaf tahu osoo hin qabaatiin sabummaa leellisuun qofa sagalee yoo argatan biyya rakkoo keessa galchuu danda'a jedhan. Dr Heenook Gabbisaa naannoo Amaaraa keessatti ammoo siyaasni sabummaa leellisu dabalaa akka dhufee hima. Gama biraan Oromiyaa keessas gaaffiin abbaa biyyummaa yeroo dheeraaf osoo deebii hin argatiin jiru akka jiru dubbata. Oromiyaa ilaalchisees Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa gochuu kan jedhus yeroo dheeraaf kan gaafatamaa turee fi filannoo bara kanaa irrattis paartileen kana deebisuuf dhimmanii hojjetan sagalee caalmaa Oromiyaa keessatti argachuuf carraa qabu jedhan. Paartileen siyaasaa naannoo isaanii keessatti sabummaa leellisan filannoo kana irratti dhiibbaa uumuu danda'u jedheen amana jedha Dr. Heenook. Nageenyaa fi filannoo Naannoleen Itoophiyaa tokko tokko amma bulchiinsa komaandi posti jalatti bulaa jiru. Kun haala jiruuf jireenya uummataa ulfaataa akka taasise komiin ni dhagahama. Hayyuun siyaasaa Obbo Moonenus Hundarraa naannoleen kaan bilisummaan filannoo irratti hirmaatanii kaan yoo rakkoo nageenyaan hunkuramu tahe akka biyyaatti miidhaan isaa guddaa taha jedhan. Dr Heenook Gabbisaa naannolee rakkoon nageenyaa jirutti filannoon kun ifaa fi bilisaa tahuu dhiisuu danda'a sodaa jedhu qaba. Lixa fi Kibba Oromiyaa bakkeewwan rakkoon nageenyaa jirutti uummatni ofitti amanamummaan sagalee isaa kennuu dhiisuu danda'a jedhan. Dabalataan filannoon godinaalee kanneen keessatti gaggeeffamuuyyuu dhiisuu danda'a sodaa jedhus qabu. Obbo Moonenus Hundarraa ammoo jaarmiyaaleen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa gidduugaleessa godhachuun hojjetan filannicha irratti sagalee caalmaa argachuu danda'u amantaa jedhu qaba. Dr Heenook ammoo naannoleen akkasii nagaa fi tasgabbiin yoo jiraate sagalee isaanii jaarmiyaalee nagaa kana deebisuu danda'aniif kennuu danda'u jedhan. Magaalaa Finfinnee dirree siyaasaa Magaalaan Finfinnee dirree wal dorgommii siyaasaa cimaa taati jedhamee amanama. Paartileen Oromoo akka ABO, KFO fi PBO Finfinnee irratti gaaffii mirga abbaa biyyummaa qabatanii dorgomu jedhamee eegama. ABO'n jalqaba irraa eegaluun ejjennoo Magaalaa Finfinnee irratti qabu akka hin jijjiirre ibsaa ture. Finfinnee akkuma magaalota Oromiyaa kaanii Amboo, Adaamaa fi warra kaaniitti ilalla jedhanii ture. Gama biraan ammoo paartileen siyaasa lammummaa irratti hundaa'e gaggeessina jedhan EZEMA'n bakka dorgommii cimaa itti gaggeessuufi sagalee argachuu danda'u tokko magaalaa Finfinneedha jedhama. Paartii haaraa tahuun tibbana kan hundaa'e Baaldaraas, Finfinneen kan uummata magaalichaati jechuun gaaffii paartileen Oromoo qaban karaa faalleessuu danda'uun akka hojjetu ibsaa tureera. Obbo Moonenus Hundarraa paartileen Oromoo hedduun magaalaa Finfinnee irratti mo'achuu hin danda'an jedha. Akka sababaatti kan kaa'u filatamuuf dadhaboo ykn imaammata jabaa dhabanii osoo hin taane kan si filatu eenyu kan jedhu ilaaluudha jedha. Ilaalcha siyaasaa Oromoo sabootni kaan magaalaa Finfinnee keessa jiraatan ija sodaan ilaalu jedha. Waanuma bor achi keessaa ari'aman ykn mana isaanii dhaban waan itti fakkaatuuf sagalee isaanii paartilee kaan ilaalcha isaanii deeggaraniif kennu jedhan Obbo Moonenus. Ilaalchi siyaasaa paartilee Oromoo saboota kaan waan miidhuuf osoo hin taane ija sodaan waan ilaalaniif qofa jedhan. ''Durumayyuu gaaffiin abbaa biyyummaa Oromoon magaalaa Finfinnee irratti qabu filannoodhaan hin deebi'u; silas filannoodhaan miti kan deebi'uu qabu.'' Dabalataan magaalaa Finfinnee qofa osoo hin taane magaalota Oromiyaa gurguddoo kaan keessatti paartileen Oromoo injifachuu dhiisuu danda'u jedha. Keessumaa magaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa irratti taphni siyaasaa Oromoof bareedaa taha jedhee hin yaadu jedhan. Dr Henook Gabbisaa magaalaa Finfinnee keessatti filannoo kana irratti dorgomtoota cimoo tahuu kan malan paartii Badhaadhinaa, EZEMA fi akkasumas Baaldaraas tahu jedha. Uummatni Oromoo Finfinnee irratti seeraa fi seenaadhaanis mirga abbaa biyyummaa qaba jedhan. Haa tahu malee uummatni Oromoo yeroo garaagaraatti dhiibamanii bahaa waan turaniif lakkoofsi uummata Oromoo magaalichaa kan nama gammachiisu miti jedhan. Kanaaf Finfinnee keessatti paartileen Oromoo sagalee gaarii argachuu dhiisuu danda'u jedhan. Obbo Moonenus Hundarraas yaaduma kana deeggaran. Haa tahu malee Paartii Badhaadhinaa keessaa sagalee argachuuf uummata magaalichaa gammachiisuuf kan hojjetan jedhan. Karaa paartii Badhaadhinaa kun sagalee argachuu danda'a jedhan. Akka odeeffannootti kantiibaan magaalichaa injiiner Taakkalaa Uumaa dorgomuu danda'a jedhanii sagalee argachuu danda'u jedhees nan amana jedha Heenook. Imaammata diinagdee jabaa Hanqina sharafa alaa furuuf deeggarsa garaagaraa waliitti qabuun hoijjetamaa tureera. Mootummaan Itoophiyaa haaromsa dinagdee biyyaaf kan oolu Baankii Addunyaa fi IMF irraas deeggarsa guddaa argateera. Diyaaspooraan sharafa alaan biyyatti qusannaa akka banatu gochuun hojii gurguddoo bulchiinsa MM Abiy jalatti hojjetaman keessaati. Haa tahu malee jedhu Obbo Moonenus Hundarraa biyyattiin ammayyuu daddaaqama siyaas-dinagdee keessaa bahuu hin dandeenye jedhan. Kana qofa osoo hin hojii dhabdummaan wagga waggaan akka malee dabalaa akka jirutu himama. Jijjirama siyaasaa biyyattiitti dhufef kan galateeffamaa ture qeerroo fi qarree biyyaa carraa hojii barbaadu hin argatan yoo tahe ammas siyaasa biyyichaa irratti deebi'un rakkoo uumuun isaa hin hafu jedhan Obbo Moonenus Hundarraa. Kanaaf Obbo Moonenus Hundarraa jaarmiyaaleen siyaasaa imaammata dinagdee gaarii qaban uummataaf ibsan filannicha irratti dhiibbaa uumuu malu jedhan. Federaalizimii sab-daneessaa Gaaffii sabaa fi sab-lammootaa deebisuun kan danda'amu sirna federaalizimii hordofuun qofa jedhu xiinxaltootni dubbisne. Dr Heenok TPLF waggoota dheeraaf ofii isaanii sirna federaalizimii dhugaa hojii irra oolchuu hin danda'iin iyyuu malee federaalizimiin sab-daneessaa cimee akka itti fufu garuu ni barbaadu jedhan. Ammas filannoo kana irratti paartileen federaalizimii sabdaneessaa leellisan sagalee guddaa argachuuf carraa qabu jedhan. Filannoo bara kanaa maaltu adda godha? Filannoo Itoophiyaan bara kana gaggeesitu waggoota 28 booda wantoota haaraa of keessaa qaba. Filannoon kun erga Abiy Ahimad aangoo qabatee jijjiirama fiduu eegale jedhameen as isa jalqabaati. Jijjirama jedhaman keessaa tokko dirree siyaasaa bal'isuudha. Lakkoofsi paartilee morkattootaas isa duraan barameen ol dabaleera. Bara kana ADWUI'n diigamuun Paartii Badhaadhinaa hundaa'eera. Waggoota 27 booda hundeessaan ADWUI, TPLF adda kana keessaa bahuufi walitti baquu paartilee kana diduun filannoof qophaa'uun yeroo jalqabaaf kan mudatedha. Gama biraan ammoo akka paartiitti seenaa qabsoo Oromoo keessatti isa hangafaati kan jedhamu ABO'n erga 1992 chaartera keessaa baheen as yeroo jalqabaaf karaa nagaa filannoo irratti hirmaachuuf qophaa'aa jira. Naannoo Somaalee keessa paartilee socho'aa turan keessaa Addi Bilisa Baasaa Uummata Ogaaden filannoof qophaa'uun seenaa waggoota 27 darban keessaa kunis isa jalqabaati. Itoophiyaan erga Mangistuu Haayilemaariyaam aangoo irraa kaafameen as yeroo 6ffaaf filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf qophiitti jirti.
GEM-xlsum_oromo-train-18
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50415118
Lolli Israa'eli fi Gaazaa guyyaa lammataaf itti fufe
Israa'eeli fi hidhattoonni Gaazaa daangaa qaxxaamuranii wal waraanuutti jiru.
Mana haleellaa Israa'el raawwatteen jige Haleella qilleensarraa Israa'el raawwatteen ajajaa hidhattoota 'Jihaadii Islaamaa Palastaayin' jedhaman erga ajjeefteen booda lolichi kan itti fufe. Roobii galgala rkeetiin Gaazaa irraa gara Isra'el dhuka'uu itti fufe, Israa'elis haleellaa haaloo bahannaa raawwatte. Ministirri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin bulu lammileen Paalastaayin 32, daa'imman dabalatee haleellaa Israa'el kanaan ajjeefamaniiru. Israa'el keessatti ammoo namoonni 63 midhamanii wal'aanamuun himameera. Roobii waarii gareen 'Jihaadii Islaamaa Palastaayin' jedhamu kun waraanni akka dhaabbatu waamicha dhiyeesse ture. Israa'el garuu kanarrati homaa hin jenne. Wanni haaraan maali? Waraanni sa'aatii jahaaf adda citee erga tureen booda hidhattoonni Gaazaa halkan edaa rokeetii Israa'elitti dhukaasuu eegalan. Yoo xiqqaate rokeetiiwwan 36o Gazaa irraa gara Israa'el dhukaafamaniiru jedha waraanni Israa'el. Kana keesaa dhibbeentaan 90'ni qolatamuu hima. Rokeetiiwwan dhukafaman hedduun isaanii qilleensarratti humna ittisaa Israa'eliin qolatamaniiru. Kibba Israa'elitti rokeetiin tokko mana jireenyaa rukutee dubartiin tokko daawitii cabeen miidhaan salphaan irra gahuu miidiyaan Israa'el gabaasaniiru. Rokeetiin biraan magaalaa Sdeerot jedhamtu keessatti warshaa tokko haleele. Raayyaan Ittisaa Israa'el haleellaa raawwateen "shororkeessitoota 20" ajjeesuu himeera. Gaazaa kan bulchaa jiru Hamaas amma dura lola kanatti hin seenne, wanni jedhes hin jiru. Pireezidantiin Israa'el Benjamin Netanyaahuun garen hidhattootaa kun rokeetii dhukaasuu hin dhaabu yoo ta'e Isiraa'el dabaltee akka haleeltu akeekkachiisaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-19
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54490393
Ministirri Muummee Abiy Ahmad Paarkii Inxooxxoo eebbisiisan
Sagantaan eebba Paarkii Inxooxxoo iddoo Ministirri Mummee Abiy Ahimad, giifti-duree Zinnaash Taayyaachaw, anga'oonni mootummaa biroo fi keessummootni affeerraan taasifameef argamanitti adeemsifameera.
Paarkin magaala Finfinnee keessatti argamu kun kaka'umsa ministira mummee Abiy Ahimadiin kan ijaarrame yommuu ta'u idddoowwan hawwatoo uummamaa fi namtolchee of keessatti qabateera. Paarkin balbalawwan seensaa afur qabu paarkiin Inxooxxoo daandiwwan lafoo fi 'bicycle' daawwattootni irra imalan addatti kan ijaarrameefidha. Dhaabbileen tajaajilaa bebbeekkamoon magaala Finfinnee keessatti argaman buufataalee tajaajila isaanii paarkii kana keessatti kan ijaarratan yommuu ta'u, manneen nyaataa /restaurant/, iddoowwan bultii dukkaanaa /tent camp/, giddugala agarsiisa aartii, iddoo yaabbii fardaa fi tajaajilawwan bashannanaa biroo keessatti argamu. Kana malees fincaa'aan namtolchee meetira 45 dheeratu paarkii kana keessatti argama. Rifoormii diinagdee biyya keessaa maddee fi bara darbe ifoomsame keessatti tuurizimiin dameelee ijoo xiyyeeffannoon itti kenname keessaa tokkodha.
GEM-xlsum_oromo-train-20
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54400825
Tiraamp dhukkubsatee yoo pirezdaantummaa itti fufuu dadhabe maaltu uumama?
Filannoo Ameerikaa gaggeefamuuf torban muraasni wayita hafutti, gameessi pirezidaantummaaf dorgomaa jiran Doonald Tiraamp koronaavaayirasiin qabamaniiru. Kunimmoo maaltu uumamuu danda’a kan jedhu irratti gaaffii hedduu kaaseera. Duula pirezdaantummaa keessaa qophii isa kamirraa hafuu danda’u?
Doonald Tiraamp fi Maayik Peensi Onkoloolessa 1 iirratti vaayirasichi irratti argamuu isaa booda Tiraamp guyyaa 10f qofaatti adda of baasuu qabu, kanaaf falmii pireezdaantummaa Onkololeessa 15 irratti gaggeefamuuf jiru irratti hirmaachuu danda’u jechuudha. Qophiin duula filannoo Jimaata Filooridaatti gaggeefamuuf ture haqameera. Konfiraansiin viidiyoo interneetaan anga’oonni gaggeessuuf turanis haqameera. Tiraampi yeroo kana keessatti duula filannoo qopheesse adda addaa qabu ture, isaanis ni haqamu ykn guyyaa biraatti dabarfamu. Haala akkamiin filannoon dabarfamuu danda’a? Yeroon adda of baasuu Tiraampi, dandeettii duula gaggeessuu isaa irratti dhibbaa ni qabaata. Kanaaf filannoon dabarfamuu danda’aa kan jedhuufi yoo dabarfame ammoo akkamiin kan jedhu irratti gaaffiin ka’eera. Filannoon pireezdaantummaa US seeraan waggaa afur afuriin Kibxata jalqabaa Sadaasa irratti gaggeeffama- kanaaf bara kana Sadaasa 3 irra oola. Guyyaa isaa geeddaruu kan danda’an seera baastota US malee pirezdaantii miti. Manni maree irratti filatee booda sagalee harka caalaa yoo argate qofadha guyyaan geeddaramuu kan danda’u. Kun ammoo waan fakkaatu miti , sababiin isaa mannii maree harki caalaan Demokraatotaan kan to’atame waan ta’eefi. Utuumaa geeddarameellee, yoos heerri US bulchiinsi pireezdaantii wagga afur qofa akka ta’u eera. Kanaaf, bulchiinsi Tiraamp Amajjii 20, 2021 dirqama nidhuma jechuudha. Guyyaa kana geeddaruun heeraa jijjiruu gaafata. Kun ammoo seera baastota US harka caalaan raggaasifamee, sana booda ammoo bulchiinsota US harka caaluunis mirkaana’uu qaba -kun ammoo waan ta’u miti. Yoo Pirezdaanti Tiraampi sababa dhibee kanaan bulchuu dadhaban maaltu ta’a? Ammaaf Pirezdaanti Tiraampi mallattoo koronaavayirasii muraasa waan qabaniif hospitaala seenaniiru, garuu yoo dhukkubbiin itti cimee bulchuu dadhaban, heerri US wantoota ta’uu danda’an akkanaan kaa’a: Qajeelfamni 25ffaa pireezdaantichi aangoo isaa itti anaa pireezdaantiitti dabarsuuf ni eeyyama. Kana jechuun Maayik Peensi yeroof pirezdaantii taua jechudha, Tiraamp yemmuu dandamatan deebi’anii aangoo pirezdaantummaa fudhachuu danda’u. Yoo anngoo dabarsuufiyyuu hedduu dhukkubsatan ammoo, kaabineefi itti aanaan pirezdaantii itti fufuu akka hin dandeenye beeksisuun, Maayik Peensi aangoo fudhatu. Yoo Maayik Peensis bulchuu hin dandeenye, seeraa aangoo dabarsuu Pireezdaanti jalatti af yaa’iin Mana Maree Ummataa -Demokraatota keessaa kan ta'an -Nansii Pelosii aangoo fudhachuu danda'u. Ta’us ogeessonni heeraa aangoo dabarsuun akkanaa burjaajii fi wal-dhibdee seeraa kaasuu danda’a jedhu. Yoo Afa-yaa'ittiin aangoo fudhachuu hin dandeenye ykn didan ammoo, senaatara olaanaa Rippaalikaa, kan amma Charlees E Girsilii ganna 87 ta’e isaatti dabarfama. Kunis rakkoo seeraa kaasuu mala. Kanaan dura pirezdaantiin sababa dhibeen bulchuu dadhabee aangoo dabarse jiraa? Bara 1985tti, yeroo Pireezdaanti Ronaald Riigan wal’aansa baqaqsanii hodhuu kansariif hospitaala seenetti, itti aanaa isaa, joorji HW Buush yeroof bakka buusee ture. Bara 2002 fi 2007tti Pireezdant Joorji W Buush yeroo wal’aansaa irra turutti akkuuma kana itti gaafatamummaa itti aanaa isaaf dabarse ture. Tiraamp yoo filannoo irratti hirmaachuu dadhabe, maqaa eenyuutu filannoof dhiyaata? Yoo sababa wayiin, kadhimamaan paartii tokkoon akka kadhimaamaa pireezdaantumaa ta’uuf filatame hojii isaana hojechuu dadhabe, adeemsonni taasifaman jiru. Maayik Peensi itti gaafatmummaa pireezdaantummaa fudhachuu danda’us, takkaa seeraan Tiraampiin waan filataniif kadhimamaa paartii Rippaablikaa ta’uu dhiisuu danda’a. Qajeelfama paartichaa keessatti, miseensonni paartii Rippaablikaa 168 kidhamamaa pirezdaantii haaraa filatu, Maayik Peensiis filatamuu danda’a. Yoo Maayik Peensi filatame, itti aanaan haaraa isaaf ni filatama. Kanaan dura paartiin Dimokraatotaas ta’e Rippaablikaa kadhimaamaa takkaa filannoof filatan deebisanii geeddaranii hin beekani. Sagaleewwan dursanii kennaman akkam ta’u? Kun rakkoo uumamuu danda’udha jedhu ogeessotii, sababiin isaa kadhimamtoota paartiin beeksise irratti hundaa’uun sagaleewwan filannoo miiliyoonaan lakka’aman karaa poostaan dursanii ergamaniiru. Bulchiinsota tokko tokko keessatti ammoo fuulaa fuulatti sagalee kennuun dursee eegalameera. Filannoon maqaama kadhimamtoota hojiicha dhiisaniin itti fufuu mala jedha, Yunivarsitii Kaaliforniyaa, Irvinitti, piroofessarri seeraa Riik Haseen. Yoo hin dandeenye maqaan kadhimaamaa maaf hin geddaramu? “ Waanti fe’e yoo uumame Pireezdaantri Tiraampi waraqaa sagalee kennuu irratti ni hafa,” jedha piroofasarri seeraafi ogeessi filannoo Richaardi Pildes. Paartiin Rippaablikaa maqaa kadhimamaa geddaruuf ajaja mana murtii gaafachuu danda’u, garuu dhugaan yoo ilaalame sanaaf yeroon jiru ga’aa miti jedha.
GEM-xlsum_oromo-train-21
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54521005
Miidhama qaamaa: Leenjisaa ispoortii Teekwaandoo qaama miidhamaa ta’e
Kamaal Qaasim magaalaa Gondaritti dhalate. Ijoollummaasaatti maatiisaa waliin jireenyaaf gara Warataa deeman.
Namticha qaama miidhamaa garuu Tekaandoo leenjisu “Taphataa fi gammadaa ture” kan jedhu Kamaal, miidhaan ganna shan irratti isa mudate jireenyasaa jijjiireera. “Miidhaan kun bara 1985’tti na mudate. Osoo hiriyyoota kiyya waliin taphadhu taankii yeroo cee’umsa mootummaatti tajaajila kennuu dhaabetu miidhaa narra dhaqqabsiise. ''Iddoo banaa afamuuzii naannessu jidduu miilli kiyya osoo jiruu, osoo darbuuf yaaluu miilli kiyya keessa gale. Battaluma sanatti osoo afamuuziin naanna’uu miila kiyyarratti miidhaan dhaqqabe,” jechuun yaadata Kamaal. Innis gara Baahir Daar deemuun ji’ootaaf yaala erga argatee booda gara Warataa deebi’e. Achis yaalasaa xumuree yeroo gara qe’eetti deebi’u miillisaa inni mirgaa jilbasaarratti muramee ture. “Jireenyi akka haaraatti eegale. Inni sun kan biraa kunis kan biraa” kan jedhu Kamaal, naannoo keenyatti namni qaama miidhamaa biraa hin turre jedha. Yeroo sanitti dhiisiitii yeroo ammaa kanattillee, naannoo keenyatti ilaalchi qaama miidhamtootarratti jiru gaarii miti. Baatee galuu taphachuu hin dandeettu ture,” jedha. Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan: Kamaal erga miilaasaarratti miidhaan dhaqqabe booda haatii fi abbaansaa gargar bahuunsaanii ammoo, jireenyi daran akka itti ulfaatu taasiseera. Innis haadhasaa waliin gargar bahee abbaasaa waliin jiraachuu jalqabe. Kamaal erga miidhaan irra gahe booda yeroo ganna torba turetti gara mana barnootaa deemuu jalqabe. Ta’us “jireenyi kiyya guutummatti waan jijjiirameef mana barnootatti ni jeeqama ture, ni yaadda’as,” jechuun amalasaarratti jijjiiramni dhufuu yaadata. Hojiilee bu’uuraa qaama miidhamtootaaf mijatoo ta’an jiraachuu dhabuusaanii fi ilaalchi hawaasni qaama miidhamtootarratti qabu jireenyasaa ulfaataa taasiseera. “Baay’ee ulfaata. M/barnootatti bilisaan hin taphadhu. Namoonni gurguddoon yeroo ana bira darban, umurii kanatti akkana ta’e jedhanii yeroo haasa’an dhagahuun abdii nama kutachiisa,” jedha Kamaal. Kiraanchiin (meeshaa socho’uuf nama gargaaru) socho’uunis ta’e taphachuun mijatuufii didnaan kiraanchii tokko qofaan akka fedhasaatti socho’uu yaale. Yaalii socho’uuf taasiserrattis yeroo baay’ee kufee miillisaa miidhamuu fi dhiiguu jalqabe. 'Haadha koo waliin jiraachuu eegale' Haala kanaan hamma kutaa jahaatti Warataatti barate. “Yeroo sanitti ni jeeqama waan tureef yeroo ulfaataa dabarse. Ijoollee waliin walii galuu ni rakkadha ture. Yeroo tokko tokko kiraanchiin hamma nama dhahuutti gaha ture,” kan jedhu Kamaal, yeroo kutaa jaha gahu gara haadhasaa bira Gondar deemee waliin jiraachuu jalqabe. Gondar keessatti qaama miidhamaa biraatiin wal baree kophummaansaa hamma ta’een irraa bade. Haatisaa hojii hin qaban waan ta’eef wantoota isa barbaachisu dhaabbata qaama miidhamtoota gargaaru irraa argata ture. “Qamadii fi zayita qaama miidhamtootaaf kennamu haadha tiyyaaf fida ture. Achitti qaama miidhamtoota biraa waliin walargus miirri gaarii natti hin dhagahamu ture.” Kamaalis nama gargaara malee gargaaramaa hin ta’u jechuun gargaarsa hin fudhu jedhee dhiise. Kutaa saddeetitti qabxii gahaa waan hin fidneef irra deebi’ee barachuuf dirqameera. Waggaa itti aanutti miila nam-tolchee hojjachiisuuf gara Dasee imalee, achumatti kutaa saddeetaffaa sa’aatii galgalaan barachuu jalqabe. Barnootasaa dabaree galgalaan barachuunsaa ispoortii Teekwaandoo waliin walbarachuuf carraa isaa uumeera. Hiriyyaasaa waliin bakka Teekwaandoon itti hojjatamu erga deemee arge booda keessasaatti wanti wayii uumame. Leenjisaan Teekwaandoo miira Kamaal gaafatee fedhii qaban yoo ta’e, bilisaan leenji’uu akka danda’u itti himnaan fedhiinsaa haalan dabale. “Kufaa ka’aa deeggarsa leenjisaa fi hiriyyoota kiyyaatiin Teekwaandoo leenji’uu jalqabe” ta’us garuu namoota dhiheenyasaatti jiranii fi maatiisaa dabalatee ‘maal sii godha?’ jedhuun ture. Ta’us garuu wanti hundi akka yaadetti salphaa hin turre. “Teekwaandoon miila tokkoon ulfaataadha. Kufee ni caba. Harki kiyya cabeera. Miila kiyya hafte takkas miidhamee ji’a lamaaf ciisuun kiyya namoota isaan gammachiisetu jira. Ani garuu hamma dhuma jireenya kiyyaatti ispoortii kana hojjachuurraa wanti na dhorkuu akka hin jirre hubadhe.” Kamaal Teekwaandoo jalqabuunsaa waan baay’eesaa jijjiireera. Isaan keessa tokko akkaataa kiraanchiisaa itti fayyadamu jijjiiramuu fi haala isaa mijatuutiin fayyadamuudha. “Kiraanchichi jalqabarratti sibiila qofa ture. Teekwaandoon isa kana mijataa akka ta’u na gargaareera. Akkuma jalqabeen yeroo miila kiyya kaasetti kiraanchii cabee kufeera. Yeroo leenjisuttis kufee beeka. Kanarraa ka’uun yeroo heddu jijjiireera, ammatti haala mijataan ni hojjadha.” Teekwaandoon halluu saqqii (qabattoo) adda addaatiin daanota kennaman qaba. Namoonni yeroo duraaf jalqaban saqqii adiirraa jalqabu. Keelloo, magariisa, diimaa fi gurraacha. Saqqiin kunneenis erga namni tokko leenjiiwwan adda addaa xumure booda leenjisaasaarra argata. San boodas sadarkaa digiriidhaan ibsaman isaan daanii jedhaman hamma sadarkaa sagalitti jiru. 'Dhaabatanii harka naaf rukutan' Daaniin waldaalee Teekwaandoo irraa erga qormaata barreeffamaa fi hojii (practical) xumurte booda Kooriyaa Kibbaatti kennama. “Daanii digirii sadaffaa gaheera. Digirii fooyya’aniidha. Waggaa kanatti afraffaa argachuu danda’a. Yeroonsaa gaheera,” jedha Kamaal. ''Anaaf jedhanii wanni addaa godhan hin jiru,” kan jedhu Kamaal adeemsa kana keessatti miidhaan adda addaarra gahus gara duubaa hin deebine. Yeroo daanii sadaffaasaaf qoramu, waan irraa eegamu erga raawwate booda qorattoonni achi turan dhaabatanii akka harka rukutaniif dubbata. “Namoota 15 taanee dorgomne, jahan isaanii ni kufan. Nama sagal taanee darbine, qabxiin kiyya gaarii ture.” Kamaal qaama miidhamummaan isaa isa yaachisus deeggarsa hiriyyaasaatiin bara 2002’tti Warataa keessatti wirtuu leenjii banuun leenjisuu jalqabe. Ta’us garuu akka yaadetti salphaa hin turre. Maallaqa gahaa ittiin socho’u hin qabu ture. Innis suuraasaa birri 10, 10’n gurguruun birrii 2,000 lamaan hojiisaa jalqabe. “Yeroo beeksisa maxxansu bitaa itti gale. ‘Eenyutu nu leenjisa?’ jechuun leenji’uuf fedhii hin qaban ture. Isaan beeku waamee bilisaan leenjisuu eegale. Galmichas namni fira kiyyaa naa hayyame. Namoota afur yookiin shan qabadhee yeroo leenjisutti namoonni galma guutanii ilaalu ture.” Achis boodas erga namoonni dhufuu jalqabanii gara Finfinnee deemee hayyama argachuu qaba waan tureef, qormaata fudhatee tokkoffaa bahuun hayyama argachuusaa hima. Leenjii Teekwaandoo ji’oota jahaa booda barattoota 40 yeroo duraaf eebbisiise. Bara 2007’tti lammii biyya alaa Finfinneetti walbarateen, gargaarsa isaatiin Jarman deemee miilli nam-tolchee hamma hojjatamuufi achumaan leenjii ji’a tokkoo argateera. Kamaal yeroo saqqii (qabattoo) gurraacha fudhatu haalaan gammadee akka ture dubbata. Kamaal abbaa mucaa tokkoo yoo ta’u, “maatii kiyyaa waan gaarii hojjachuu” akkasumas leenjii Teekwaandoo cimsee itti fufu akka barbaadu dubbata. Dabalataanis dookimentarii jireenyasaarratti xiyyeeffatu hojjachuuf yaada. Ispoortii Teekwaandoo keessa waggoota 15’f kan ture Kamaal, Baahir Daarii fi Paawwee keessatti dargaggoota kumaatamaan laakka’aman leenjiseera. Ofiisaas dorgomiilee adda addaarratti hirmaachuun badhaasota hedduu argateera. Kanaanis dorgommii paaraalompiikii Itoophiyatti taasifamerratti naannoo Amaaraa bakka bu’uun, darbannaa aloolloo fi xiyyaatiin, teessoo naanna’uun akkasumas ulfaatinna kaasuun meedaaliyaa 20 ol argateera.
GEM-xlsum_oromo-train-22
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46381967
Joorjiyaan Saloomee Zurabishviiliin pirezidantii dubartii jalqabaa gootee filatte
Saloomee Zurabishviiliin pirezidantii dubartii jalqabaa Joorjiyaa ta'un filataman.
Saloomee Zurabishviiliin intala baqqattootaa warra bara 1921 gara Firaansitti baqataniiti Yeroo ammaa sagaleen lakkaa'amee wayita dhumaa jiru kanatti dubartiin duraan dippilomaatii turteefi Firaansitti dhalatte kun sagalee kenname keessaa morkataa ishee iriigool Vashaadiiziin %59'n injifatteetti. Morkataan isanii immoo sagalee %40 argatan. Saloomee Zurabishviiliin paartii kan biyya Joorjiyaa bulchaa jiruun kan deggeramu yommuu ta'u kan Vashaadiiziin ammoo kaadhimamaa tokkummaa mormitootaati. Heerri haarawaan hojiirra ooluuf jiru ammoo aangoo pirezidantii kana kan maqumaaf ta'u taasisuuf heda. Saloomee Zurabishviiliin hariiroo Joorjiyaan Raashiyaafi biyyoota gama Lixaa waliin qabdu madaalawaa gochuu deeggaru. Vashaadiiziin - kan bara 2008 yeroo walitti bu'insi Joorjiyaafi Raashiyaa gidduu turetti Ministira Dhimma Alaa turaniifi Biyyoota Lixaa caalsifatu jedhama. Vashaadiiziin deeggaraa Biyyoota Lixaa akka ta'e himama Filannoon pirezidantii amma gaggeeffame kun filannoo kan paarlaamaa 2020 gaggeeffamuuf agarsiiftudhas jedhameera. Gareen paartii mormitootaa filannichi akka rakkoo qabuufi warra duula filannoo gaggeessanirra miidhaan akka ga'e himataa jiraatus paartiin biyya bulchaa jiru ammoo himannaa kana waakkateera.
GEM-xlsum_oromo-train-23
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41334934
Keenyaa: Manni Murtii Olaanaa Komishinii Filannoo qeeqe
Manni Murtii Olaanaa Keenyaa pirezidaantummaa Uhuruu Keenyaataa haquun, murtii filannoo irradeebii kan muurteesse, sababa Komishinii Filannootiin (IEBC) ta'usaa eeruun, Komishinicha qeeqe.
Abbootiin seeraa sagalee 4 -2 tahuun bu'aa filannoo kuffisan Abbootiin seeraa, filannoon Hagayya 9 taasifame, ''ifas miti, mirkanaa'uus kan hindandeenyedha.'' jedhan. Haati Seeraa Itti Aantuu Filoomeenaa Miwiiluu waan jedhan: IEBC'n bu'aa filannichaa osoo hin mirkaneessin, mo'ataa pireezidantii beeksise. Obboo Keenyaattaan sagalee %54 yommuu argatu, morkataan isaa Raayilaa Odiingaa %44 argate. Obboo Odiingaan, 'akkan hin mo'anne taasifameera, akkasumas IEBC'n filannicha irratti seera barbaachisu hin hordofne,' jechuun gara mana murtii qajeele. Aaddee Miwiiluu dabaluun, komishinichi sirna filannoo elektroonikaa isaa akka sakkatta'u ajaja dabre hin fudhanne jedhan. Ajaja fudhachuu dhiisuun komishinichaa, manni murtichaa iyyannoon Obboo Odiingaa 'sirnichi hatameera' jedhu sirrii akka ta'e amansiiseera.
GEM-xlsum_oromo-train-24
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44575490
Waancaa Addunyaa 2018: Waancaan Addunyaa maaliif Mesiitti garaa jabaate?
Kirooshiyaadhaan istaadiyeemii Niizhinii Noovgoorood irratti Arjentinaan osoo hin eegamiin 3 fi 0'n erga mo'amtee suuraan Liyonel Mesii aariin guutamee gara kutaa uffannaatti deemaa ture agarsiisu Aasxaa gurguddoo Waancaa Addunyaa bara 2018 Raashiyaatti mul'atan keessaa isa guddaadha.
Mesiin waancaa adunyaa Raashiyaarra yeroodhaan gaggefamaa laata? Taphataa cimaan adunyaa keenyaa yeroo shanii mesiin,taphoota lama irratti galchii tokkollee osoo hin lakkofsisiin, kubba galchii tahuu dandeessus mijeessee osoo hin kenniin hafe.Dabalataan rukuttaa adabbii tapha Ayislaandi irratti argamtes lakkoofsisuu hin dandeenye ture. Biyyi Ameerikaa kibbaa kun erga bara 2002 as yeroo jalqabaaf gareeshee keessaa osoo hin darbiin hafuu dandeessi,keessumaa erga bara Mesiin as yeroo jalqabaaf tahuusaati. Waancaan Addunyaa baranaa kun Mesiif isa xumuraa tahuu danda'a. Garee biyyaalessaa waliin badhaasa guddaa medaliyaa warqii kan argate dorgommii bara Olompikii Beejiingi bara 2008 ture. Mesiin Baarseloonaa waliin waancaawwan hedduu injifatus erga waggota sadiin as garuu waancaa shaampiyoonsiliigii irratti ol'aantummaan masaanuusaanii riyaal maadrid argamaa dhufeera. kanaafuu kufaatii mesii dhiyeenya kanaaf sababni maali? Dadhabbii fi miidhamni gahumsasaa gdi buusuu hin hafu 1)Dadhabbii qaamaa Bara dorgommii 2017/18 darbetti erga bara 2014/15 as taphoota 54 irratti hirmaachuunsaa isa olaanaa dha. Daqiiqaawwan 4468 gidduu galeessaan daqiiqota 87.5 dirreeera turuun dabarse. Bara darbe galchiiwwan 45 fi kubba galchii tahan mijeessee kennuun ammoo 18'n xumure. 2) miidhama sasalphaa Gaazexaan biyya Arjentinaa tokko kanaan dura akka gabaasetti Mesiin miidhama koronyoo miila mirgasarra jiruun rakkachaa jira, kanaafuu akka barbaadetti saffisuuf isa rakkisaa jira jechuun gabaasee ture. Tapha michummaa Xaaliyaanii fi Ispeen irraa yommuu hafu dhimmichi uummataaf ifa tahe. Booda garensaa tapha Ispeeniin 6 fi 1'n yommuu mo'amtu taa'ee ilaaluuf dirqamee ture. 3) Gareen Arjentinaa ammaa gahumsa gaarii dhabuu mala Tapha gulaallii irrattis baayee erga rakkatnii gara boodaatti ida'ama qabxii walii galaan akka darban ni beekama. Haa tahu malee mesiin taphataa galchii olaanaan lakkofsiseef ture. Arjentiinaan waancaa guddaa kan injifate bara Deegoo Maraadoonaa fa'a 1986 ture.Erga sanaa as waancaa biyyoota Ameerikaa Kibbaa [copa america]bara 1993 mo'atan. Dabalataan bara 2004 fi 2008 dhaqaa galaan waancaa Olompikii mo'atanis haamileesaanii deebisuu hin dandeenye. Mesii fi Roonaldoon Waancaa Adunyaa irratti ammaaf hagas mara garaagarummaa hin qaban. 4) Yaadasaatti morkataasaa Ronaaldoo Ronaaldoon dorgommii bara kanaa dursaa gareesaa tahuun jalqabee galchiiwwan sadiis tapha jalqabaa irratti lakkofsise. Amma galchiiwwan afur taphoota lama irratti lakkofsiseera. Mesiin garuu kana gochuu hin dandeenye. Dabalataan bara 2016 gareesaa Roonaldoon waancaa awurooppaa akka injifatu taasiseera. mesiin garuu walitti aansuun xumura Waancaa Addunyaa fi Koppaa Amerikaa'f yeroo sadiif dhaqqabus mo'achuu hin dandeenye. Kanaaf garee biyyaalessarraa soorama bahuusaa ibsuun booda kan yaadasaa jijjiire. Umuriin Mesii amma waggaa 30 tahus akka Roonaaldoo ammaatti Waancaa Addunyaa Qaatar irratti hirmaachuu danda'a, garuu asumaan soorama bahuusaa ibsuu danda'a kan jedhanis jiru. Mesiin biyyasaa waliin wal tajjjii addunyarratti waancaa milkessuu hin dandeenye.
GEM-xlsum_oromo-train-25
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47398324
Afriikaa Kibbaa: warri awwaalcha raawwachiisan paastarii 'du'aan kaase' jedhe himachuuf
''Amma ka'i,'' jedhee iyya paastarichi Afriikaa Kibbaa keessaa.
Paasitar Alfaa Lukaawu nama du'aa kaasee jedhu waliin Viidiyoon Twiitararra garmalee qoodame kun akka mullisutti (as cuqaasi), reeffi saanduqa keessaa suuta suuta ka'a. Waaqeffattoonni waldichaas iyya guddaa dhageessisan. Kanuma hordofees, Afriikaa Kibbaatti gareewwan awwaala raawwachiisan paastarii nama waaqaa jechuun ofi wamuufi du'aan kaase jedhe mana murtiitti dhiyeessina jedhan. Gareewwan awwaalcha raawwachiisan akka jedhanitti, Paastar Alfaa Likaawu akka du'aa kaasuu danda'u hordoftoota isaatti agarsiisuuf sobaan kan qindaa'ee waan ta'eef, seeratti dhiyeessina jedhu. Namoonni baayyenis karaa mobaayila isaanitiin wayita reeffa saanduqa paastaricha fuuldura jiru keessaa ''ka'ii' jechuun sagalee olaanaan yoo waamu, namtichi saanduqa keessa ture yoo ka'ufi hordoftoon yoo iyyan mul'isa. Himannaan garee awwaalcha raawwachiftootaas kanaan kan wal qabateedha. Sababiisaas yoo kaa'an, gocha qindaa'ee kana keessatti akka hirmaannu taasifamneerra kan jedhuudha. Sababii kanaan walqabatees waldaa Paastar Lukaawu dhiheenya Johaansbargiitti argamu keessatti waldhabdee guddaan uumameera. "Dinqiin akkasii hin jiru'' jechuunis Komishiniin babal'ina Aadaa, Amantaa fi Afaan biyyattii teleevizsinii biyyattiitti himeera. Itti dabaluunis "haalli akkasii kunis namoota abdii kutatan irraa maallaqa walitti qabuuf kan raawwatamuudha,'' jedheera. Namoonni hedduun miidiyaa hawaasummaa irratti waan itti dhagahame ibsachaa jiru. Dhaabbilee awwaalcha raawwchiisan sadii osoo hinyaadamiin akka haala kana keessatti hirmaatan taasifamuunsaanii maqaa gaarii keenyarratti miidhaan qaqabeera jechuun tarkaanffii seeraa akka fudhatan dubbataniiru. Dhaabbilee awwaalcha raawwachisan sadanis akk dhaabbilee midiiyaatti himaniitti, bakka bu'oonni bataskaanichaa haala adda addaatiin isaan gowwomsuun haalicha keessatti qooda akka fudhatan taasifamaniiru. ''Namni maatii namicha du'eeti jedhu tokko gara warra awwaalcha raawwatanii deemuun dhaabbata awwaalcha raawwachisuu kan biraa waliin waldhabuusaa dubbachuun, konkolaataa dhuunfaa isaarratti atsixaa dhaabbata biraa dhugaa fakkeessuun maxxansuu dhuggaa fakkeessuuf yaaluu isaa ibseera. Saanduuqni haala kanaaf hojiirra olfamees dhaabbata awwaalcha raawwachisu kan biraa irraa kan dhufe ta'u himeera. Waldaan paastar Lukaawu djhimma kanarratti yaada akka keennuuf gaafatame diduusaa BBC mirkanneesse. Erga dhimmichi ifa ta'een booda oduu waa'ee nama du'a ka'e jedhamee kanaa karaa paastarichaatiin dubataneera. Namni du'aa ka'e jedhames gara waldichaa yoo dhufu kan lubbuun jiru ta'u himamaa jira. Waldichi midiyaatti wayita dubbateettis, ''hojii namoota du'aa kaasuu waaqaan eegalame Paastar Lukaawu xumureeera' jechuun deebii jetteeti. Viidiyoon du'aa ka'u nama tokko mul'isu kunis bal'inaan qoodamuun walqabate, mormiin biyyaaleessaa paastaroota soobaa irratti taasifamaa kan jiru yoo ta'u, gochichas waldaalee duraa irraa mormiin mudateera. Oduu amma nu qaqabeen ammoo, Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafozaan paasitaroota ummata gowwoomsan irratti tarkaanfiin fudhadha jedhaniiru. Garuu kana jechuunis waldaaleen daangeessa jechuu mitis jedhaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-26
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49671883
Jarrid Wilson: Paastariin waldaa guddicha Kaalifoorniyaa of ajjeese
Kaalifoorniyaatti paastariin waldaa namoota 15,000 qabdu tajaajiluufi dhaabbata tola ooltummaa fayyaa sammuu irratti hojjetu hundeesse Jaariid Wiilsan of ajjeese jedhan warri waldaa sanaa.
Namni ganna 30 Jaariid Wiilsan, baatilee 18'f waldaa 'Harvest Christian Fellowship Church' jedhamtu keessa miseensummaan tureera. Haadha warraa isaa waliin dhaabbata tola ooltummaa fayyaa sammuu irratti hojjetu "Anthem of Hope" hundeessee, namoota rakkoo fayyaa sammuu qabaniif falmaas ture. Ijoollee dhiiraa lama kan qabu namni kun "duuti isaa gadda cimaa keessa nu buuse" jette haati warraa isaa. Du'a isaa kan mirkaneesse paastarii biraa walda Kibba Kaalifoorniyaa jirtu kanaati. Namtichi namoota hedduu gargaaraa kan ture ta'ullee ofii isaa mukaa'uun rakkataa ture, kanas ifatti namatti haasa'aa ture jedha. Namoota yaada of ajjeesuu qaban gorsuu fi gargaaruuf hawwii guddaa qaba tures jedha namni sirriitti isa beeku kun. Biyyoota baha Afrikaa keessatti namoota 100,000 keessaa nama meeqatu of ajjeessa? Chaartii armaan gadii irraa argattu.
GEM-xlsum_oromo-train-27
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52869275
Koronaavaayiras: Kun 'jireenya sirrii' Covid-19 boodaa ta'ee hafuu malaa?
Gochawwan pilaasitiika keessaan wal hammachuu, daree keessaafi alaa, akkasumas bashannanna fageenya eeggatee taasisuun malwwan namoonni tatamsa'ina Covid-19 hirriisuuf hojiirra olchan keessaa muraasa. Taateewwan suuraan deegaraman kunneenis jireenyi haaraan weerara koronaanaavaayirasiin booda addunyaarratti maal akka fakkaatu hanga tokko isniitti agarsiisa.
Niw Yoorkiittii jaalalleewwan baatiiwwan booda pilaastika keessaan yeroo jalqabaatiif akka wal hammatan hayyamameef Erga Covid-19 addunyaa mudatee as wantoota hedduun geedaramaa jira. Weerarri Covid-19 kunis addunyaarra bakka kamiyyu namoota jiraatan hundaa haala adda addaatiin dhiibbaa irraan gahee jira. Biyyoonni tokko tokkoos ugguura kaa'anii turan amma laaffiisuu eegalanilleen, mee suraalee jirenyi erga weera Covid-19n boodaa maal akka fakkaatu agariisuu kana dowwadhaa. Tarii haalli jireenya kunis yeroo dhufan muraasaaf kan itti fufuu ta'uu mala. Darewwaan barnootaa Fageenya hawaassummaa eeggachaa manneen barnootaafi olmaa da'immanii deebiisanii banuun, barattootaafi barsiiftootaaf qormaata olaanaa ta'aa jira. Keessattuu biyyoota itti manneen barnootaa deebii'ee banamaa jiru keessatti, maatiiwwan ijoollee xixiqqoo qaban ammoo hunda caalaa attamiin ijoolleensaanii nagaan baratanii akka galuu danda'an irratti yaaddoo olaanaa keessa galaniiru. Fakkeenyaaf, Xaaliyaan magaalaa Iviriyaatti, attamiin manneen barnootaa erga ugguraatiin booda deebiifamanii haala itti banaman irratti akka yaaliitti qorannoo gaggeessuuf jecha olmaan daa'immanii lama banamaniiru. Paarkiiwwan Tarii namoonni paarkiiwwan keessa bashannantanii beektaniif, wayita gara paarkootaa deemamuutti imalawwaniifi bashannana maatii duratti ture ni yaadattu ta'a. Amma garuu erga uggurichaatiin booda dowwannaaniifi turtiin paarkiiwwan keessaa adda ta'eera. Bakkeewwan xabannaa paarkiiwwan keessaa hedduun cufamaniiru. Bakkeewwan magariisni deebiisanii banamanillee seerri fageenya eeggachuu akkuma hojiirra oleetti jira. Biyya Ameerikaa paarii Biruukleiin keessatti, namoonni bashannanaafi caama qanqaammachaa kan jiran geengoo margarratti tolfame keessatti qofaadha. Kunis namoonni walirraa fagaachuun akka turan gargaaruuf kan kaa'ameedha. Hojii Tibba ugguraatti namoonni baayyeen manaa hojjetaa turan. Heedduunis karaa viidiyootiin namoota waliin hojjetan waliin wal argaa hojiisaanii raawwataa turan. Haata'u malee, wayita dhimmoonni deebiisanii banamuu eegalaniitti bakkeewwan hojii deebiisee kan haala qabatamaa Covid-19 jiruun waliin deemuu taasifamu qabaata. Fakkeenyaaf, Afriikaa Kibaa Johaansbargiitti bakka calbaasiif itti dhiyaatuuf gurguramu keessatti haala asiin oliitti mullatuun pilaastikii wal nama agarsiisuufi rog-arfeen kaa'ameera. Bittaafi gurgurtaa Haalli itti waa bitanniifi gurgurruus akkasuma geedarameera. Karaa onlaayiniitiin waa bitachuun baayyee kan dabale yoo ta'u, bakka qaamaan dhaquun barbaachisuutti ammoo supparmaarkettiiwwan hedduun fageenya eegsiisuuf namoota waa bitachuu dhaqan hiriira galchuun kaan seenee hanga bahuutti wayita dhaaban mullatu. Oggeessi uccuu hodhu kunis biyya Neezarlaandi Roterdaam keessatti ofi laaliitti fayyadamuun tatamsa'iina koronaavaayirasii irraa wayita ofi ittisu mullata. Harkasaa pilaastikaan haguugamee karaa qaawwaatiin dabarsuun uffanni maamila isaatiif sirriin akka ta'u sirreessaaf jira. Alaa nyaata wal affeeruu Tarii hirriyyoota waliin bahanii manneen nyaataa keessatti wal affeeruun haala duraatiin deebi'ee kan dhufu ta'aa laataa? Fakkeenyaaf, akkuma suurarratti agartaniin, Taayilaandi Baankook keesstti namoonni minjaalawwan pilaastikaafi dahoodhaan adda qoodaman irratti nyaata soorataa jiru. Manneen nyaataa hedduunis kana kan tolchaniif akka namoonni tajaajilamuuf gara sana deeman walirraa fageenya eegsisuuf yaadamee kan hojiirra olfameedha. Qophiilee konsartii muuziiqaa Tibba kana jireenyi waan addaa fakkatulleen, walitti dhufuun wantoota jaallannu kan akka muuziiqaatti gammadu hindandeenyu jechuu miti. Garuu haalli itti hirmaannu yeroof adda fakkaachu mala. Fakkeenyaaf kan suuraarratti agartan kunis konsartii muuziiqaa Kooriyaa Kibbaa Gooyaanyi keessa tureedha. Qophii konsartii muziiqaa wallistoonni bebbeekamoon irratti argamaniifi guyyoota sadiif gaggeefamee kanarrattis namoota hedduutu qooda fudhate. Garuu akka durii waltajjiirratti shubbisuun osoo hintaanee fageenyasaanii haaluma eeggataniin konkolaataa saanii keessa taa'uun qophicharratti hirmaatanii turan. Egaa erga weerarri Covid-19 addunyaa tanarratti mullateen asi waa hedduutuu geedaramuun haalli jireenya namootaas haaluma sanaan geedarame jira. Kun egaa haala jireenyaa haaraa itti fufuu ta'amoo, jireenyii durii sun kan dafee deebii'u ta'a laata? Waan walumaan ilaallu waan ta'uuf, jeenyaa nuuf haa kennuu jenna.
GEM-xlsum_oromo-train-28
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49055536
Tuuta Arbaa Keeniyaa godaansarra jiran karaan jalaa bade
Arbi Keeniyaa shan naannawa suluula qiinxamaa biyyattii keessatti godaanaa jiran karaan jalaa badu Tajaajilli Bineensota Keeniyaa (KWS) beeksise.
Sababa kanaanis, karaa irratti burjaaja'aa jiraachuutu dhagahame. Bineensota bosonaa keessaa Arbi tooftaa adda addaan kallattii baruun beekama. Gareen Arbaa kuni Kibba bakka Laayikipiyaa jedhamuuti gara Maawu jedhamutti gadi godaanuu qabu turan. Bakki ka'ani bira gahuu qaban 244km walirraa fagaata. Haa ta'u malee, dogongoruun 300km gara Lixa biyyattiitti imalanii bosona Timborowaa jedhamu keessa argamuu isaanii Tajaajilli Bineensota Keeniyaa (KWS) beeksiseera. Dhaabbatni Keeniyaa kuni dhimma kana hordofaa akka jiruufi ummannis akka of eeggatu dhaameera. Oduuwwan biroon:
GEM-xlsum_oromo-train-29
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49793718
'Wallaansi Kaansarii oonnee kiyya madeesseera garuu lubbuun hafeera'
"Wantoota waggoota shan darban keessatti raawwatame nama maarachisa," jetti Kireenaa Dhimaan.
Kireenaan sababa dhukkuba Kaansariitiin guyyaa dhaloota ishee kan ganna 40 taatu argiti hin seene Bara 2013 ganna 33tti yeroo Kaansarii harmaatiif saaxilamtu, jireenya hojiirra boqannaa baatee maatii godhachuuf jalqabbiirra turte. "Yeroon fiixee harma kiyyaa ilaalu wanti ta'e wayii sirrii akka hin taane hubadhe. Booda intarneetii irratti deebii yoo argadhu: "Yaa Rabbi kun ana ta'uu hin qabu." Waggoota sadii booda, wallaansa baqaqasanii yaaluuniifi yaala qorchootaatiin booda harmi kiyya tokko yoo irraa muramu Kireenaan akka dhuma jireenyaasheetti ilaalte. Booda imala ishee gara Kaanaadaatti gooteen, "jireenya kaansarii xumuruu kabajuuf", jedhuun baay'ee cinqamtee turte. Baay'ee dadhabdee turte, lapheen ishee baay'ee ishee mudda ture. Kanaarra kan ka'e harganuuf hedduu rakkatti ture. Doktoroonni hospitaalaas baay'ee cinqamanii turan hamma ispeeshaalisttiin tokko furmaataan dhufuufitti. "Yoon waan yeroo yaala qoricha san ta'e kan yaadadhu ta'e akka harka isaa qabu natti hime," jechuun Kireenaan yaadatti. Isheenis yaadatte. Bu'aan yaalas akka isheen dhukkuba onnee qabdu agarsiisa waan tureef saffisaan gara kutaa yaala dhukkubsatoonni gargaarsa addaa barbaanitti geeffamte. Balaa dhukkuba onneef saaxilamuu Galanni yaala foyya'eef haa ta'uu, dhukkubsatoonni kaansarii baay'ee lubbuun hafaa jiru. Garuu dhukkubsattoota 10 keessa dhukkubsataan tokko akkuma yaala xumureen yookiin waggoota muraasa booda dhibee onnee ulfaataf saaxilama. Rakkinni isaas qorichoonni kaansariidhaaf kennaman suuta suutan dhukkuba onneetiif nama saaxilu. Haalli kunis ispeeshaalitiin 'Cardio-oncology' jedhamuu akka dhufuuf sababa ta'eera. Kunis immoo yaala kaansarii haala rakkoo hin finneen yaalurratti kan xiyyeefatuudha. Qorichoonni tokko tokko dhibee oneetiif dhukkubsatoota saaxilu garuu hunda miti Qorattoonni namooni ge'eesotaafi daa'imman carraa dhukkubsa kanaaf saaxilamuu isaanii guddaa akka ta'e beeku amma garuu giinii namas namoota biroorrattis gahee isaa qabu bira gahanii jiru. Oduun gaariin amma yaaliin qorichaan kennamu carraa balaa dhukkuba onneetiif saaxilamuu ni hir'isu jedhu Dr Lyon. 'Ulfi baay'ee hamaadha Dhukkubsatoonni akka Kireenaa hargansuudhaaf iyyuu rakkataa turan gara jireenya duratti deebi'uu ni danda'u. "Danda'amachuun kiyya raajiidha," jetti. " Gara mana kiyyatti deebi'a jedhee yaade hin beeku." Yeroo torbee lamaa Kanadaa turte sanitti ergaa sagalee firoota isheetiif erga turte. Ergaan ishees wanti ta'u waan hin beekamneef akka isaan of qopheesssan ture. Yaaliin sunis ishee gargaare akka isheen manatti ishee UK'tti deebitee jirti. Ta'us garuu jalqabbii imala ishee dandamachuuti. Garuu wanni hamaan tokko itti himamee ture- innis daa'ima godhachuun onnee isheef hamaa akka ta'u. "Kanaafuu mala biraa barbaadutti kaane,"jette. 'Baay'ee gammadeera' Haati biraa kan sanyii Kireenaatiin ulfoofte argamtee intalli ishee amma ji'a 16 taate jirti. "Ji'a itti aanu, gaara Himaaliyas koruu heda. Jireenya salphaa ta'e jiraata jira kanaaf immoo baay'ee itti gammada," jetti Kireenaan. "Guyyaa dhaloota kiyya kan ganna 40ffaa itti kabaju arga jedhee yaade hin beeku amma garuu torbee lama boodatti kabajadha." "Namoonni hedduun kaansariirra hafanii dhukkuba sababa kaansariin dhufaarra baay'ee rakkataa jiru. Hojiin dhukkubsatootaa fi doktoroota barsiisuun hojjatamuu qabutu jira."
GEM-xlsum_oromo-train-30
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45140472
Weellisaa sirba beekamaa Desipaasiitoo nama isa fakkaatutti hate
Hattuun weellisaa sirba beekamaa Desipasiitoo, Daaddi Yankee of fakkeessuun, kutaa isa hoteelaa Ispeen seenee faaya doolaarii miliyoona 2.3 baasu hate.
Daaddi Yankee, ka maqaan dhugaa Ramon Luis Ayala, weellisa Puerto Rico Akka himaniiti, hattuun sun Daaddii Yankee of fakkeessee, hojjattoota hooteelaa Valensiyaati bilbile, kutaa naa banaa jedh. Daaddi Yankee ka sirbi isa Desipasiito addunyaa dhaqqabe, daawwana Awuroppaa jira. Poolisiin qorannaa hanna suni irra jira jedh. Har'iti maro qaratimiti ka weellisa hatan. Desipasiitoon sirba ilaalcha baayyee argate, Youtube irratti ilaalcha biliyoona 5 olii qaba.
GEM-xlsum_oromo-train-31
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54842664
Awwal Aloo: 'MM Abiy Ahimad fi TPLF gidduu garaagarteen jiru kan ilaalcha siyaasaati'
Mootummaan federaalaafi naannoon Tigraay muddama ji'oota hedduu booda waraana seenaniiru. Dhaabbileefi hoggantoonni garaagaraa rakkinichi haala nagaa ta'en akka furamu waamicha dhiheessaa jiru.
Biyya UK Yunivarsiitii Kiilitti barsiisaafi xiinxalaa waldhibdee siyaasaa Gaanfa Afrikaa kan ta'e Awwal Qaasim Aloo (PhD) waldhibeen ijoo qaamota lamaanii ilaalcha siyaasaati jedhu. Awwal waldhibdeen qaamolee lama gidduu jiru ammallee yoo furame malee rakkoon kana caalu dhufuu danda'a jedhu. Akkuma Finfinneefi Maqalee, Asmaraanis miseensa lola kanaa ta'u malti xiinxala jedhus qabu. Turtii waliin taasisne haala gaaffiifi deebiin qopheessineerra. Itti dhihaadhaa. BBC: Haalli jiru waraanatti qajeela tilmaama jedhu qabda turtee? Qaamoleen lamaan nagaafi araaraan rakkoo gidduu isaanii jiru maaliif furuu dadhaban? Awwal: Waldhibdeen mootummaan federaalaa MM Abiy gaggeessuufi naannoon Tigraay TPLF'n gaggeeffamu jidduu jiru kan turedha. Wanti akkanaammoo yeroon yoo hin furamne gara hin taanetti qajeeluu akka danda'u ifa ture. Waraanni dhufuu akka danda'u namoonni hedduu tilmaamaniiru. Wanta hin eegamne miti. Tarii yeroo kanatti dhufuu danda'a jedhee kan eege hin jiru ta'a. TPLF mootummaa federaalaa mormuun filannoo gaggesseera. Kanaanis, walitti dhufeenyi TPLF waliin hammaataa dhufe. Gama TPLF'n bulchiinsa MM Abiy irratti dhiibbaa guddaa uumuun kan danda'amu turtiin aangoo mootummaa federaalaa yeroo dhumettidha amantaan jedhu jira fakkaata. Lamaanuu ejjennoo isaaniirraa duubatti akka hin jenne, akkasumas mariif fedhii akka hin qabne mallattoon agarsiisan turani. Kanaanis, lola sodaatamaa salphaatti tasgabbaa'u hin dandeenyetti akka qajeelan ifa ture. BBC: Lolichi salphaatti tasgabbaa'u hin danda'u yoo jedhame, maal hordofsiisuu danda'a? Awwal: Wanti ilaaluu qabnu garaagarummaan siyaasaa isaan gidduu jiru maali kan jedhudha. Wanti ijoo garaagarummaan mootummaa Abiyyiifi TPLF gidduu jiru ilaalcha hooggansa siyaasaati. Kanaanis, Itoophiyaan fuuladuratti biyya akkamii ta'u qabdi, bulchiinsi mootummaa maaliin hogganamuu qaba kanneen jedhan irratti garaagarummaa ijootu jira. Kanaan ala, TPLF aangoorraa ka'u hordofee MM Abiy aangoo isaani cimsachuuf TPLF dhiibuu, wantoota bara TPLF dalagamaniifi legaasii TPLF balleessuuf hojjetamaa ture. Keessumaa ADWUI diiguufi Paartii Badhaadhinaa hundeessuun walqabatee wantoonni hojjetaman garaagarteen ilaalcha hooggansa siyaasaa akka jiran kan agarsiisanidha. Rakkoowwan bakkeewwan garaa garaatti mudatan TPLF'tu raawwate jedhamus, TPLF's ta'e mootummaan haa raawwatu, kunneen lamaan gidduu garaagarummaa ilaalcha hooggansa siyaasaafi mo'amuu waliin ilaalamuu qabu. Dhihoo Wallaggatti ajjeechaan lammiilee nagaarratti raawwate jedhame akkuma raawwateeni ajjeechaan raawwate ABO - Shanee waliin hidhata qaba jedhame. TPLF humna kana erge kan jedhame. TPLF fi ABO gidduu walitti dhufeenyi akkamii akka jiru ni beekama. Kana hordofee guyyoota muraasa gidduu waraanni eegale. Wantoonni kunneen akka sababaatti dhihaachuurra kan darbe, garaagartee mootummoota lamaan gidduu jiru kan agarsiisan miti. Kunneen garaagartee ummanni ilaaluufi sodaatudha. Kanaaf, lolli kuni garaagarummaa ilaalcha hooggansa siyaasaarratti kan hundaa'e waan ta'ef yeroo gabaabaatti qabbanaa'u hin danda'u. Salphaatti qaamni mo'u kan jiraatus natti hin fakkaatu. Lolichi yoo itti fufe immoo Itoophiyaaf qofa osoo hin taane rakkoon naannawa [Gaanfa Afrikaarratti] dhaqqabsiisu salphaa miti. Sochiin mootummaa Ertiraa erga dhihooti cimaa dhufeera. Walitti dhufeenyi [hoggantoota lamaa] kuni mootummaafi mootummaa gidduu hin fakkaatu, walitti dhufeenya namoota lamaa fakkaata. Mootummaan Ertiraa sirna Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee ejjennoo isaa ifatti ibsaa akka ture ni beekna. Kunimmoo, mootummaa MM Abiy fi TPLF gidduu garaagarummaan ilaalcha hooggansa siyaasaa jirun kallattiin walqabata. Pirezidant Isaayyaas federaalizimiin sab - daneessaa Itoophiyaa keessa hin barbaachisu ilaalcha jedhu qabu. Lola mootummaa MM Abiy fi naannoo Tigraay gidduu taasifamurratti Ertiraan harka keessaa hin qabdu jechuun hin danda'amu. Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa jiru. Sudaanittis akkasumas rakkoon akka jiru ni beekama. Sababa kanaaf, rakkinichi gaanfa Afrikaarratti rakkoo uumuu akka danda'u homaa gaaffii hin qabu. BBC: Mootummaa Ertiraa waliin walqabatee keessumaa TPLF dhimma biyya keessaa keessa seenurratti himannaa dhiheessaa ture. Daangaan ammallee akkuma cufametti jira. Araarri raawwate sadarkaa maalirra jira jetta? Awwal: Jalqaba biyyoota lamaan gidduu tarkaanfii MM Abiy fudhatan hundi keenya kan ajaa'ibsisnedha. Adeemsa deeggaramu qabudha. Biyyoonni lamaan nagaatti deebi'un kan deeggaramu ture. Haa ta'u malee, rakkoon Itoophiyaa keessa ture keessumaa mootummaa federaalaafi naannoo Tigraay gidduu ture araarri biyyoota lamaanii fuuladuratti akka hin tarkaanfanne godheera. Akkuma beekamu rakkinichi rakkoo daangaati jedhamee ture. Daangaan sunimmoo gama naannoo Tigraayin jira. Walitti dhufeenyi Isaayyaasiifi Tigraayimmoo gaarii hin turre. Fedhiin MM Abiy fi Pirezidant Isaayyaas TPLF balleessuufi qarqara kaa'uu fakkaata. Waraanni 1998 lola TPLF gaggesseefi Isaayyaas itti injifatame waan ta'ef Isaayyaas TPLF'n deebisee mo'u barbaada. MM Abiyyiis ilaalcha siyaasaa kan ofii isaanii ni qabu. Ilaalchi siyaasaa isaanii akka galma hin geenye gufuu kan ta'e TPLF'dha jedhee waan amanuuf lamaan isaanii TPLF'n akka diina walootti ilaalu. Sababa kanaaf, Asmaraanis akkuma Finfinneefi Maqalee miseensa waraana kanaati yoo jenne dogongora natti hin fakkaatu. Hirmaannaan isaanii hammami kan jedhu haala amma jirruun gamaaggamuu dadhabnuus Ertiraan dhimma kanarratti fedhii guddaa akka qabdu tilmaamuun ni danda'ama. BBC: Araara Itiyoo - Ertiraa waliin wal qabatee badhaasni Nobelii MM Abiyyiif akka kennamu kanneen barreessun kaadhiman keessaa tokko turte. Amma yeroo yaaddu si gaabbisiisaa? Awwal: Badhaasa nobeeliif MM Abiy yeroon kaadhimee barreessee galche haala ture ilaaleeni. Yeroo tokko tokko wantoota goonu duubatti deebinee yoo ilaallu, dogongora nutti fakkaatee mul'achuu danda'a. Ani ammallee yeroos hojii Abiy hojjeteen beekkamtiin kennameefi badaadha jedhee hin yaadu. Rakkoon Itoophiyaa keessa tureefi rakkoon Itiyoo - Ertiraa guutummaa guututti furmaata argata tilmaamni jedhu hin turre. Yoo xiqqaate, keessumaa carraaqqii nagaa taasisef beekkamtiin kuni osoo kennameef fuuladuratti kan caalu hojjeta tilmaama jedhuun qaba ture. Tilmaamniifi xiinxalli ani qabadhe dogongora ture. Garuummoo, MM Abiy kaadhimu kootti wanti na gaabbisiisu hin jiru. MM Abiy badhaasa sana argatee haala amma jiruun waraana labsuun isaa sadarkaa kanaan MM Abiy maaltu tuqe akka jedhu carraa kenna. Maqaan MM Abiy badhaasa sanaan akkuma guddate wanti inni godhus beekkamtii olaanaa argate waliin akka wal simu eegama. Gaafa ta'u dhabemmoo akkasumas itti - gaafatamummaan akka dhufudha. Akkaataa kanaanin ilaala. BBC: Waraanni eegaluu isaafi isa durallee namoonni siyaasaa Amaaraa TPLF irratti mormii jabaa kaasaa turan. Ammallee waraana irratti humnoonni nageenyaa Amaaraa humnoota nageenyaa federaalaa waliin hiriiruu isaanitu himama. MM Abiy waraana kana akka labsan paartii isaanii keessaa keessumaa Paartii Badhaadhina Amaaraa irraa dhiibbaan irratti taasifame jira ta'a? Awwal: Dhiibbaan akkanaa hin jiraatu jechuun hin danda'amu. TPLF egeree Itoophiyaaf balaadha, baduu qaba dubbiin jedhu dhagahama. Ajjeechaa Wallagga Lixaatiinis walqabatee kan mul'ate kanuma. Sababa kanaaf, mootummaa naannichaa irratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba jedhanii dhiibbaa yoo uuman waan nama dhibu miti. Kan ta'u danda'us kanuma. Lolli amma eegalames dhiibbaa sana waliin akka wal qabatus shakkiin hin jiru. Sababoonni seenaa hedduu jiru. Keessumaa tokko federaalizimiin sabarratti hundaa'e Tigraayin kalaqame kan jedhu jira. Namni siyaasaa Amaaraa kana hin barbaadu. Daangaa waliinis falmiin cimaa jira. Ammammoo TPLF sirni mootummaa tokkummaawaa akka hin deebineefi mootummaan federaalaa akka barbaade akka hin goonef kanneen mormii guddaa dhageessisaa jiran keessaa tokko waan ta'ef, waldhibdeen Amaaraafi Tigraay gidduu jiru kanarraa madda. BBC: Amma lolli kuni akka tasgabbaa'uf maaltu taasifamuu qaba jetta? Qaamolee lamaaniifi hawaasa idil - addunyaarraa maaltu eegama? Awwal: Lola eegaluun waan salphaa ta'u danda'a, lola keessaa bahun garuu baay'ee cimaadha. Hunduu xiiqiidhaan lola keessa erga seenee booda kan injifatame fakkaachuu dhabuuf dhiibbaa hawaasa Idil - addunyaarraa dhufu fudhachuun xiqqaadha. Miidiyaaleen tokko tokko akka gabaasanitti mootummaan federaalaa dhiibbaawwan [dhaabbilee garaagaraarraa dhufan] akka hin fudhanneefi dhimmichi waraanaan qofa akka furamu akka amanu agarsiisa. TPLF's waldhibdeen kuni akka hammaatu gahee ofii gumaacheera. Dhimmichi nagaan akka furamu fedhiin waan jiru natti hin fakkaatu. Garummoo lolli akkanaa dafanii hin xumuramani. US fi UK biyyoota haalli qaamota lamaan gidduu akka tasgabbaa'u gaafatan keessaati Kan dadhabu jiraatus ifatti harka kan kennu akkasumas injifate harka kennachiseera qaamni jedhu hin jiraatu. Sababa kanaaf, lola kanarraa kan fayyadamu tokkoyyuu hin jiru. Kan miidhu garuu hunduma jechuun danda'ama. Kanaaf, hunduu kan gochuu qabu keessaanis ta'e alaan qaamoleen lamaan rakkinicha hiikuuf marii haa ta'ani kan jedhudha. Garuu, lamaanuu bira mariif qophiin waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaan ala rakkoo waraanni furu jira natti hin fakkaatu. Rakkinichi ilaalcha siyaasaadha. Sababa kanaaf, karaa dimookiraatawaa ta'en furmaata kennuudha. Hireen ummataa maal ta'u qaba kan jedhu ummata Itoophiyaaf dhiisuun barbaachisaadha. BBC: Erga MM Abiy aangootti dhufani as biyya keessatti walitti bu'iinsi, ajjeechaafi hidhaan baay'achuu gabaasonni mul'isan jiru. TPLF waliin ilaalchi siyaasaa guddaa jira jetteeta. Mul'atni MM Abiy Itoophiyaaf qaban fudhatama akka hin arganne agarsiistuu ta'e fudhatamuu danda'aa? Awwal: Ilaalcha siyaasaa waliin walqabatee rakkinawwan kana sirnichi mataa isaa kan uumedha jedhanii kan falman jiru. Gama kaaniin immoo federaalizimiin sab - daneessaa dhibdee uume hin qabu kan jedhanis jiru. Walqoodinsa biyya keessa uumame yoo ilaallu, tarii, rakkinoonni Itoophiyaa keessa uumamaa jiran walharkisoo hunoonni garaa garaa fuula duratti biyya akkamiitu jiraachuu qaba abjuu jedhu cimsuufi ilaalcha siyaasaa isaanii lafa qabsiisuuf carraaqqii taasisanirraa madda ta'u danda'a. Haa ta'u malee, mootummaan dhimma kana keessa harka hin qabu ilaalcha jedhu fudhachuf anaaf natti cima. Waan Shaashamanneetti raawwate yeroo ilaallu dhalli namaa sadarkaa sanaan osoo ajjeefamu humnoonni nageenyaa gidduu hin seenne. Maaliif gidduu hin seenne jedhamanii gaafatamnaan ''hin ajajamne'' jedhanii turan. Maalis ta'u ilaalcha siyaasaaf lolli akka galteetti hojiirra oolaa jira. Ajjeechaa eenyutu raawwata isa jedhuuf garuu walabaan qoratamuu qaba. Kanaan achi, abaluudha abaluudha jechuuf ragaa argachuun ni cima. BBC: MM Abiy waggoota 20 darbaniif ADWUI sirna federaalizimiin amanu keessa nama turanidha. Dhufaatiin isaaniis ummata Oromoo irraati. Yeroo dubbatanis sirna federaalizimii sab- daneessaa akka deeggaran himu. Sadarkaa kanaan waldhibdeen TPLF waliin jiru waldhibdee ilaalcha siyaasaati jennee ibsuuf garaagarummaan maal jiraannaani? Awwal: MM Abiy yeroo hedduu yeroo dubbatan ejjennoo ilaalcha siyaasaa baay'ee ifa ta'e qabu. Yeroo biraammoo ilaalcha siyaasaa ifa ta'e hin qabani. Bakka adda addaatti siyaasa isaaniif akka tolu wantoota garaa garaa dubbatu. Namoota ilaalcha siyaasaa tokkummaawaa qaban bira yoo dubbatan afaan isaanii dubbatu. Kaan yeroo dubbisan kan biraa dubbatu. Waan dalagan, waan dubbataniifi tarkaanfii dhaabbati isaanii fudhatuun fakkeenyaaf kan Paartii Badhaadhinaa ifadha. MM Abiy ifatti pirojektii federaalaa yookiin wantoota federaalizimiin irratti bu'ureeffate wantoota raawwachiisu barbaadu nama deeggaranidha jedhanii yaadun danda'ama. Paartiin Badhaadhinaa caasaa federaalaa biyyattii keessa jiru akkasumas ilaalchasaa kan fudhatu miti. Hojii isaaniirraa ifatti hubachuun kan danda'amu caasaa federaalawaa osoo hin taane hamma tokko caasaa siyaasaa kan kaanitti makameefi aangoo isaanii guddisu akka barbaadan ifa dha, dubbachuu baatanis. TPLF waliin turuun isaanii ifadha. Sirna darbe yeroo qeeqan gama siyaasaan TPLF qeequun ummata Itoophiyaa hedduu biratti fudhatama waan qabuufi amma morkataan isaanii TPLF waan ta'ef wanti amma hojjetamu hojii siyaasaa dhaaba sana hadheessuudha. BBC: Kanaaf, gabaabumatti MM Abiy gama Paartii Badhaadhinaan hojjetaniifi amananiin tokkummaawaadha jechuun danda'amaa? Awwal: Eeyyee. Tokkummaawadha. BBC: Agarsiistuun maali? Awwal: Wanti ijoo akkaataa Paartiin Badhaadhinaa itti caaseffamedha. Paartiin Badhaadhinaa sagantaa siyaasaa raawwachuuf hojii siyaasaa hojjetamedha. Isaan ala agarsiistu fiduun hin barbaachisu. Waltajjiiwwan garaagaraatti waan dubbatan fiduun danda'ama garuu agarsiistuun ijoo akkaataa paartichi itti hundaa'edha. Wanti lafarratti mul'atu caasaan dhaabni jaarmiyaa mootummaa itti hogganuus tokkummaawaadha. Ilaalcha siyaasaa ifa ta'e qabaachuu baatus wanti mul'atu tokkummaawaa dha. BBC: Galatoomi. Awwal: Galatoomaa isiniis.
GEM-xlsum_oromo-train-32
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51941065
Koronaavaayiras: Magaalaawwaniifi daandiiwwan addunyaa hedduun onaa jiru
Weerarri koronaavaayiras bakkawwan namoonni yeroo baayyee itti walitti qaban akka ona ta'an godheera. Kun kan ta'e labsii mootummaan akka sochiin ummataa dhaabbatuuf taasiseefi namoonni dhuunfaadhaanis tarkaanfii fudhatanirraa kan ka'een.
Magaalaa Landan keessatti saatii namoonni karaa irratti heddumaatu turan dubartiin tokkittii riqicha Miliiyineemiirra yeroo deemtu. Ministirri Muummee biyyattii Booris Joonsan koronaavaayirasii ittisuudhaaf namoonni akka imala dhaabaniifi walitti hin dhiyaanne gaafataniiru. Faransaay magaalaa Niisee keessatti namni tokko yeroo qarqara galaana Mediteraniyaanii dhaabbatee ilaalaa jira. Kibxata irraa kaasee namni akka manaa hin baane dhorkameera. Dubaay, Yunaayitid Arab Imratis keessatti suura qarqara galaanaa qullaa ta'e agarsiisu Xaaliyaan magaalaa Milaan keessatti naannoon Piyaasaa onee mul'ata Indiyaa, delii keessatti bakki kanaan dura hawata turistiin beekamu Siidaan Saafdaarjung qullaa ta'eera Venezuweelaa magaalaa Karakaas keessatti daandiin guguddaan qul'aa ta'eera Ameerikaa, magaalaa Niiwuu Yoork keessatti daandiin Manhattan qullaa ta'eera Loltoonni Ispeen naannoo magaalaa Maadiriiditti gareen birmannaa mul'ataa jiru Giddu-galeessa Veenaa keessatti namoonni lama addabaabaayii qullaarra yeroo taa'an Libaanos, magaalaa Sidoonaa keessatti namoonni daandii qullaa Korniichee irra yeroo deeman Magaalaa Baangikook keessatti jaalalleewwan Laga Chaa'oo Firaayaa irra yeroo bidiruurra qophaa isaanii imalan
GEM-xlsum_oromo-train-33
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55521972
Xiinxala: Itoophiyaafi Sudaan akkamiin daangaa bakka al-Fashagaa jedhamurratti wal dhaban?
Walitti bu'iinsi humnoota Itoophiyaafi Sudaan jidduutti daangaa irratti dhalate wal dura dhaabbannaa waggoota dheeraa lakkoofsise biyyoota lamaan jiddu tureef boqonnaa haaraadha.
Loltoonni biyyoota lamaanii daangaa irratti kallattiin yoo walitti dhukaasanii arguun taatee barame miti. Ka'umsi walitti bu'iinsa miilanaa lafa daangaa biyyooti lamaan irratti wal falman al-Fashagaa jedhamu Kaaba-Lixa Itoophiyaatti naannoo Amaaraafi naannoo Sudaan Gadareef jedhamu jidduutti argamudha. Daangaan biyyoota lamaanii qixaan daangeffamee hin beekamu. Imaltoonni akka jedhanitti Itoophiyaan kan eegaltu lafti diriiraan iddoo itti tulluuwwaniif bakka gadi dhiisutti. Kana jechuun lafti qonnaa diriiraan madda wal dhabdee ta'e kun daangaa Sudaan keessa jira jechuudha. Qonnaan bultoonni Itoophiyaa naannicha jiraatan kanatti walii hin galan. Waliigalteewwan bara sirna kolonii Gaanfaa Afrikaa keessatti daangaaleen hedduu wal dhabdee qabu. Itoophiyaan bara 1977 naannoo Ogaaden irratti Somaaliyaa waliin wal waraantee turte. Bara 1998 lafa xiqqoo Baadimme jedhamtu irratti Eertiraa waliin wal waraanteetti. Lola kanaan loltoonni 80,000 ol gama lamaaniinuu yoo ajjeefaman, biyyoota lamaan jidduu diinummaan akka hammaatu taasiseera. Manni murtii haqaa idil-addunyaa lafa Baadimme Eertiraaf murteessullee Itoophiyaan hanga Sadaasa bara 2020 lolli Tigraay eegalutti loltoota ishee Baadimme keessaa baasuu diddee turte. Waraana bara 1998 kana booda Itoophiyaa fi Sudaan daangaa biyyoota lamaanii kiiloomeetira 744 dheerati qixaan sararachuuf mariitti deebi'anii turan. Fashaga irratti garuu salphaatti waliigaluun hin danda'amne. Akkaataa waliigalteewwan bara kolonii 1902 fi 1907tiin daangaan biyyoota lamaanii Baha Fashaga jira. Kana jechuun lafichi Sudaaniif mala - garuu ammoo qonnaan bultoonni Itoophiyaa waggoota dheeraf laficha misoomsaa gibiras mootummaa Itoophiyaaf kafalaa turan. 'Waliigaltee dhoksaa' Biyyoonni lamaan marii waggoota dheeraa booda bara 2008 wal hubannaara gahan. Itoophiyaan lafichi daangaa Sudaan keessa ta'uu beekamtii kennite, Sudaan ammoo qonnaan bultoonni Itoophiyaa rakkoo tokko malee laficha misoomsuu akka itti fufan hayyamte. Hanga yeroo dhiyootti qonnaan bultoonni biyyoota lamaanii waa'ee daangaa osoo hin cinqamiin waliin laficha misoomsaa waliin jiraachaa turan. Dhiyeenya kana Itoophiyaan daangaan qixaan akka sararamu feete. Mariin wal hubannaa bara 2008 irra gahame fide kana kan dursan qondaala olaanaa TPLF Abbaay Tsahaayyee turan. TPLF bara 2018 erga aangoorraa ari'amtee booda, dhalattoonni Amaaraa waliigaltichi nun hirmaachifne ture, dhoksaan raawwatame jechuun komatan. Walitti bu'iinsi miilanaa maaliin akka ka'e gama lamaaniinu yaada gara garaatu jira. Haa ta'u malee dhugaan hin haalamne loltoonni Sudaan humnoota Itoophiyaa of duuba dhiibanii namoota ollaa san qubatanis gadi dhiisanii akka bahan dirqisiisaniiru. Ajajaan waraanaa Sudaan lafa wal dhabdee uumee akka gadi hin dhiisne dhaadatan Mudde 20 wal gahii biyyoota baha Afriikaa Jabuutiitti taa'ame irratti MM Sudaan Abdallaa Hamdook dhimma kana MM Itoophiyaa Abiy Ahimaditti kaasanii turan. Mari'achuuf waliigalanii turan garuu lamaanuu haal-duree kaa'an qabu turan. Itoophiyaan badii hawaasa naannichaarra gaheef kaasaan akka kafalamu gaafatte, Sudaan ammoo haalli duraan ture akkasumaan itti haa fufu jette. Osoo mariirra jiranii walitti bu'iinsi lammataa dhalate. Sudaan loltooti Itoophiyaa haleellaa raawwatan jechuun Itoophiyaa himatte. Walitti bu'iinsi daangaa kun ija seenaa, seeraa fi waliigalteewwan duriin hiikkoon gara garaa itti kennamus, dhimmoota gurguddoo lama kan jijjiiramni MM Abiy fideen wal qabataniif agarsiiftuudha. Gaaffii abbummaa lafaa Tigraay keessaa Lammileen Itoophiyaa Fashaga jiraatan MM Abiy Oromoo biraa deeggarsa guddaa erga dhabeen booda kan itti hirkate dhalattoota saba Amaaraati. Injifannoo humni waraanaa federaalaa Tigraay keessatti baatilee lamaan darban argateen kan dadammaqan warri Amaaraa Tigraay keessatti gaaffii abbummaa lafaa kaasaa jiru. Iddoowwan bara 1990 wayita TPLF aangootti dhufte naannoo Tigraay jalatti daangeffaman Lixaa fi Kibba naannichaa jirani kan gaaffiin irratti ka'aa jiru. Humnooti Amaaraa lafa qonnaan beekamtu Tigraay qarqara Eertiraa jirtu Humaraa to'atanii mul'atu Walitti bu'iinsi Fashaga kunis gaaffii abbummaa lafaa wal fakkaatuun kan dhalatedha. Wanti adda godhu lafti gaaffiin irratti ka'aa jiru kan Itoophiyaa keessaa osoo hin taane kan biyya biraa waliin ta'uu isaati. Walitti bu'iinsa kana karaa nagaa furuu dhabuun kalattiinis ta'uu baatu jijjiirama imaammata dhimma alaa MM Abiy fidaniin wal qabata. Waggoota 60f galmi tarsiimowaa Itoophiyaa Masiriin qabuu ykn ittisuu ture, MM Abiy garuu bara darbe michoomaaf harka diriirsanif. Biyyoonni lamaan waa'ee hidha laga Abbayyaa akka dubbii jiraachuuf jiraachuu dhabuutti ilaalu. Masiriin hidhi Itoophiyaan ijaaraa jirtu qooda bishaanii waliigalteewwan bara koloniin Masiriin argatteef balaa akka ta'etti ilaalti. Itoophiyaan ammoo hidhichi akka madda elektiriikii guddina isheef dran murteessaa ta'eetti ilaalti. Sudaan, Masirii fi Itoophiyaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti waliigalteerra hin geenye. Dhimma laga Abbayyaa irratti utubaan dippiloomasii ministeera haajaa alaa Itoophiyaa michooma biyyoota yaa'a laga Abbayyaa gara olii turan. Galmi isaa ammoo waliigaltee akkaataa bishaan laga Abbayyaa qooddachuu biyyoota hedduu hirmaachise uumuudha. Asirratti Masiriin lakkoofsaan caalamti. Hidha Haaromsaa iraa kan fayyadamtu Sudaan biyyoota Afrikaa kaan waliin dhaabatti turte. Hidhi Haaromsaa balaa lolaa hir'isaaf, bishaan idileen argatti akkasumas gatii rakasaan elektiriikii bitachuu dandeessi. Masiriin marii biyyoota kaan hirmaachisu osoo hin taane waliigaltee qooda bishaanii olaanaa bara kolonii argatte ittiin eegsifattu barbaaddi. Bishaan laga Abbayyaa harki hedduun lageen ka'umsa isaanii Kaaba Itoophiyaa godhatanirraa dhufa Onkoloolessa bara 2019 MM Abiy wayita kora Afrikaa-Raashiyaaf gara Soochii imalanii turanitti pireezidantii Masirii Abdul Fattaa al-Siisii waliin wal argan. Walgahii tokkittiin bakka qondaalonni ministeera haajaa alaa hin jirretti MM Abiy tarsiimoo laga Abbayyaa irratti Itoophiyaan qabattee turte jijjiiran. Yaada al-Siisiin Ameerikaan jaarsummaan jidduugaltee akka mariisiftu dhiyeessan MM Abiy mataa otoo hin mariin tole jedhan. Booda Ameerikaan Masiriif loogde. MM Abiy akkuma Eertiraa waliin waliigaluun Noobeelii badhaafaman sana Masirii waliinis salphaatti waliigalteerran gaha jedhanii yaadaniiru ta'e dogoggoranii jiru. Wanti ta'e faallaa isaati. Sudaan biyya sadaffaa mariif Ameerikaan afeeramte taatullee, Ameerikaan qoqqobbii maallaqaa irra keessee fi tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran jalaa akka ishee baastu waan barbaadduuf yaada Ameerikaatti waliigaluun Masirii duuka hiriirte. Itoophiyaan kophaa hafte. Lammileen Itoophiyaa hedduun Ameerikaatti dheekkamuu hordofuun mootummaan Itoophiyaa yaada waliigaltee Ameerikaa kuffise. Kana hordofuunis Ameerikaan Itoophiyaarraa deeggarsa maallaqaa kutte. Pireezidantiin US Donaald Tiraamp Masiriin hidha Haaromsaa 'dhoosuu' malti jedhanii dubbatan. Booda Itoophiyaan naannoo hidhi haaromsaa jiru xiyyaarri kamuu balali'uu akka hin dandeenye labsite. 'Adeemsa nagaa wal-dhorkuu' Looreetii Noobeelii MM Abiyyiif ammatti Masirii waliin wal-dhibdeetti seenuun balaa qaba. Lola Tigraay akkasumas walitti bu'iinsa Fashaga irratti mata dhukkubbii biraati. Walitti bu'iinsi Fashaga wal dura dhaabbannaa waggoota dheeraa Itoophiyaa fi Sudaan jidduu turetti lubbuu hora. Baroota 1980moota keessa mootummaan komuniistii Itoophiyaa finciltoota Sudaan deeggaraa ture. Sudaan ammoo gareelee sabboonummaa sabaaf hidhatanii lolan akka TPLF deeggaraa turte. Baroota 1990moota keessas Sudaan hidhattoota amantaa Islaamaa finxaalessan yoo deeggartu, Itoophiyaan ammoo mormitoota Sudaan deeggaraa turte. Walitti bu'iinsaa fi tasgabbii dhabiinsa Itoophiyaa kutaalee hedduu keessa jiru, akkasumas gama Sudaaniin waliigaltee hin ititne mootummaan finciltoota Daarfuur fi gaarreen Nuubaa keessa jiran waliin godhetti fayyadamuun, biyyoonni adeemsa nagaa wal-dhorkuu durii sanitti deebi'uu malu. Lammileen Itoophiyaa kumoota kudhaniin lakkaa'aman lola Tigraay dheessuun Sudaanitti baqatan Hariiroon Itoophiyaa fi Sudaan Waxabajjii bara 2019 wayita MM Abiy gara Kaartuum imaluun mormitoonni diimokiraasii dhaadhessan fi ajajoonni waraanaa biyyattii mootummaa siiviilii akka hundeessan deeggarsa taasisan akkaan jabaatee ture. Wanti MM Abiy kaka'umsa dhuunfaa isaaniin raawwatan booda hirmaannaa Gamtaa Afrikaa. biyyoota Arabaa fi kaaniin deeggaramee bu'aa argamsiise. MM Sudaan Abdallaa Hamdook lola Tigraay furuun oolmaa MM Abiy deebisuf yaalanii turan garuu ni ifataman. Walgahii Mudde 20 irratti osoo hin hafiin MM Abiy Itoophiyaan dhimma keessoo ishee ofiin furatti jechuun rincican. Wayita baqattoonni Itoophiyaa gocha gara jabinaa isaan irratti raawwatamee fi beela himatan hedduun gara Sudaan baqachuu itti fufan kanatti jaarsummaa diduun MM Abiyyiif saplhaa ta'uu dhiisuu mala. Ammoo Walitti bu'iinsa daangaa Itoophiyaa fi Sudaan gara wal waraanuutti geessee hammeessuun sodaan tasgabbii dhabuu naannicha keessa jiru akka hundee fageeffatu taasisuu danda'a. Aleeks Dii Waal Ameerikaa Yuunivarsiitii Tufts, Mana barnootaa Seeraa fi Dippiloomasii keessatti direektara olaanaa Faawondeeshinii Nagaa Addunyaati.
GEM-xlsum_oromo-train-34
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49716328
Asmaraa: Magaalaa guddoo Eeritraa ija gaazexeessitoota BBC'n
Torban muraasa dura gaazexxessitoonni BBC biyya qopheessituu wal-dorgommii kubbaa miilaa CECAFAn dargaggoota waggaa 15 gadiif qopheessee turtee Eeritraa gabaasuuf wayita garas imalanitti waan taajjaban, kutaa sadiin qindeessaniiru. Kutaan jalqabaa kunooti.
Ertiraan qaama bulchiinsa ''Roomaa ishee haaraa'' jalatti buluu kan jalqabde bara 1920tti Benitoo Mosolooniin gara aangootti erga dhufeeti. Faashistiin Ertiraa waggoota 50 caalaa kan ture yoo tahu, yeroo kanattis karaa, gamoowwanii fi baabura ijaarsisuun maallaqa hedduu baaseera. Yeroo Waraana Addunyaa 2ffaa Biriiteen Xaaliyaaniin Karan irratti mo'atte. Ergasii Xaaliyaan biyyoota gita bittaan qabatte gadhiistee bahuu jaqabde. Boodas Ertiraan federeeshiniidhaan Itoophiyaatti makamte. Walabummaa kaayyeffachuun qabsoo hidhannoo kan jalqaban lammiileen Ertiraa mootummoota Itoophiyaa lama waliin waggootii 30 erga falmataniin booda bara 1991tti bilisummaa labsaniiru. Qabsoon hidhannoo Ertiraa waraaana akka addunyaatti milkaa'e keesssaati maqaan waamama. Bara 1998tti immoo waraannii Itoophiyaafi Eritiraa jalqabe. Waraannii waggaa lamaaf gaggeefame kuni namoota kuma dhibbaa ol galaafateera. Waliigalteen Alljeers waraana kana haadhaabuyyuu malee waggootii 20f biyyootii lamaan gidduu lollis tollis hin turre. Ministirri mummee Abiy Ahimad gara aangootti erga lolli biyyoota lamaan gidduu jiru hiikamee uummata lameen gidduu walitti dhufeenyi jalqabameera. Asmaraa magaalaa qulqulluu, kosiin keessatti hin mul'anne ''Asmaraa qulqullittii'' Warri biyyattii ''Tse'aadaa Asmaraa'' jechuun magaala isaanii waamu. Tse'aadaa jechuun adii jechuu dha. Dhuguma Asmaraan magaalaa qulqulluu kan balfa hin qabne dha. Gamoowwan umurii dheeraa qabaniin kan guutamte Asmaraan Mootummooti Gamtooman magaala seena-qabeettii jechuun ishee galmeesseera. Bara Xaaliyaaniin biyyatti keessa ture manneetii amantii, manneen jireenyaa, hoteelotaafi siniimaawwan ijaarsiseera. Gamoowwan bara ce'ani kunneen seenaa yaadachiisu. Jiraataan magaalattii balfa jibbu isaa sirna ujummoo ittiin dhangala'aa dhabamsiisan daandii jalatti diriiruun magaalatti qulqulluu taasiseera, jedha. Daandiin Asmaraa akka magaalaalee Afrikaa biroo foolii xiraan funyaan nama hin qabsiisu. 'Miidhagni biraa Asmaraa muka meexxii tooraan dhaabame dha.' Yeroo mootummaa Haayilesillaasee magaalattiin sa'atii hojiin dura akka miicamtu jiraattonni ni dubbatu. Ertiraa keessa halkan otoo deemtanii namni 'abbaa kanaa' isiniin jedhu hin jiru. Ormis abbaanis akka feete socho'a. Asmaraa guyyaa tokko bullaan nagaa qabeettii tahuu ishee baruuf ragaan isin hin barbaaachisu. Tiroovilaa, Firaansiskoo, Daanta,Viiliyaajoo, Saantaa Aanaa, Boolaajoo...kunneen maqaalee naannoo Xaaliyaan argamu miti. Maqaa naannoolee Asmaraati. Nannoolee qofa osoo hin taane hoteloonnii fi kaaffeewwan illee maqaan afaan Xaaliyaaniin baheefi. Miidhagni biraa Asmaraa muka meexxii tooraan dhaabame dha. Isaan 'Shabaakaa' jechuun waamunii. Eritiraa Ertiraan kara kibbaa Itoophiyaadhaan, Kibba bahaan Jibuutii, Kaabaan Sudaan, karaa bahaan immoo Galaana Diimaatu daangeessaan. Mootummonni Gamtoomanii baay'inni uummata biyyattii miiliyoona shanitti tilmaamama jedha. Namooti kuma 400 tahan immoo magaalattii keessa jiraatu. Saboota Bileen kara bitaan ..shamarree Affaar mirgaan. Godinaaleee jahatti kan qoodamtu Eritiraan sabooti beekamtiin kennameef kanneen akka Tigira, Tigirinyaa, Affaar, Kunaamaa, Bileen, Saahoofi Raashaayidaan keessa jiraatu. Sabooti Affaar Eritiraa keessa jiraatan warreen Jibuutiifi Itoophiyaa keessa jiratan waliin afaaniifi aadaa wal-fakkaataa qooddatu. Dubri Raashaayidaa ganna shanii qabee guftaa calleen miidhageen ija iishee qofa hambisuun fuulashee haguugdi. Saboota warra kaanirraa bifaafi haala jireenyaa adda kan tahan warra Raashaayidaa jedhamni dha. Maddi isaani Saa'udii Arabiyaa akka tahe kan himamuuf jarreen kuni, afaan Arabaa haasa'u amantii Islaamaa hordofu. Horsiisee bultoota dha. Akkasumas miiya Gidduu-gala Bahaa fichisiisuun daldalu, naannoo gammoojjii Galaana Diimaa jiraatu. Dubri Raashaayidaa ganna shanii qabee guftaa calleen miidhageen ija ishee qofa hambisuun fuulashee haguugdi. Lakkoofsa guyyaafi sa'atii Tajaajila argachuuf barfattanii lafa geessan ''Bor ganama sa'aa 8 irratti koottu'' jedhamuu dandeessu. Guyyaafi sa'atii akka warra Awurooppaatti lakkaa'u. Qarshii bittaa gurgurtaa Qarshiin daldalaa Ertiraa Naaqfaa jedhama. Qarshiin daldalaa Ertiraa Naaqfaa jedhama. Nootiwwan Abbaa 1, 5, 10, 20, 50, fi 100 qabdi. Doolaariin Ameerikaa tokko karaa seera qabeessa taheen Naaqfaa 15nin geeddarama. Doolaarri baankii daldalaa qofatti geeddarama. Filannoo geejibaa Daandii diriiraa Asmaraa irratti bishikiliitiiwwan yaa'an uummatichi geejibaa akka isaan filatu beeksisa. Guddaafi xiqqaan bishkiliitiirra quuphanee shir jedha. Barattoonni dugdatti korojoo baatan bishkiliitiin gara mana barumsaatti deemu. Hojjetaanis maayisaaf isumaan socho'a. Asmaraa keessa namni baayyeen bishkiliitiidhaan socho'a Otoobisiifi taaksiiwwan keelloo maamiltoota isaanii iddoo dha iddootti marmaarsu. Konkolaataa ofii dhuunfachuun sababii qaraxa biyyattiin konkolaataa alaa galurra buustuufi gatiin boba'aan qaalii waan taheef ulfaataa dha. Namooti konkolaataa qaban kuma afurtama akka hin caalle lakkoofsa gabatee konkolaataawwanii ilaalanii tilmaamuun nama hin rakkisu. Sababii kanaanis magaalatti rakkoon tiraafikii hin jiru. ''Magaala tiraafikii hin qabne'' jedhamuun moggaafamteetti. Kallattii kamiinuu yoo deemtan akka magaalaalee Afrikaa biroo dhiphuun tiraafikii hin jiru. Piizaa moo Laazaanyaa Mana nyaataatti gortanii tarree filannoo nyaataa irratti kan argattan paastaa,l aazaanyaafi piizaa dha. Buddeena tarree nyaataa aadaa keessatti argattu. Bakkeewwan hawwatoo Asmaraa yoo deemtan iddoowwan kana otoo hin daawwatiin hin dhufiinaa. Fiyaat Taagli'eeroo Gamoon Taagli'eeroo bara 1938 ijaarame dhume. Tajaajila gaaraajiifi dhiqannaa makinaa kenna. Seenaa qabeessa tahuun dabalataan, boca baallee xiyyaaraan gamoon ijaarame kuni, baalleen dalaga meetira 15 dheeratu utubaa malee dhaabbate. Gamoon kuni ogeessa ijaarsaa Juseeppee Peetaazii jedhamuun kan dhaabbate yoo tahu, dura yaada kana bulchitoota naannootti yoo himu baallee meetira 15 dheeratu utubaa malee dhaabuun hin danda'amu jechuun yaadasaa kuffisanii turan. Juseeppeen kanaan aaree gamoon kuni yoo kufeef 'ofiin ajjeesa' jechuun kan utubaa itti galche fakkeessee bulchitootatti himuun ijaarsa gamoo kanaa raawwateera. Fiyaat namoota gara imaltoota gara Itoophiyaafi gara magaalawwan birootti deemaniif lafatti boba'aa guuttatan ture. Har'a waggaa 80 booda tajaajila malee qofaatti hafee jira. Ertiraan magaalaa manneetii siiniimaa, tiyaatiraafi hoteelota qananii turte Manneetii Siniimaa Magaalaan Asmaraa har'a yoo ilaaltan xis ximbaa waan jettu miti. Waggootiii kurnan dura garuu seenaa akka ture beeksifti. Manneetiin siniimaa Roomaa, Kaappitool, Odiyoon jedhaman qullaatti hafuun kanaaf ragaa dha. Bara 1920fi 30 keessa fiilmiiwwan afaan Ingiliiziifi Xaaliyaanii agarsiisu ture. Amma fiilmii biyya keessaafi pirimiyarliigii Ingiliiziitu keessatti daawwatama. Konkolaataawwan yeroo waraanaa barbadaa'an kana keessa namooti jiraatu Awwaalcha taankii Yeroo garaagaraaatti waraanni Eritiraa gaggeessite hangam suukaneessaa akka ture baruuf iddoo kana daawwachuun gahaa dha. Iddoo 'awwaalcha taankii' lafa jedhamuun wamamu kanatti konkolaataan waraanaa barbadaa'ee tokko kan hafe hin fakkatu. Taankii, madfii, otoobisii hunduu luluqa'ee iddoo tokkotti walitti qabameera. Yoo itti siqxan immoo konkolaataawwan barbadaa'an kana keessa namoota jiraatan argitu. Lafa awwaalchaa Xaaliyaanotaa Yeroo gita bittaa, Xaaliyaanoti du'an iddootti awwaalamani dha. Hanga ammaatti Xaaliyaan irraa dhufanii namooti abaaboo siidaa maatii isaanirra kaa'an jiru. Bataskanaa Kaatederaalii, siniimaa Roomaa, bataskaana Indaa fi warri kaan ogummaan ijaarsaa kan irratti mul'ate dha. Bor kutaan itti aanu itti fufa.
GEM-xlsum_oromo-train-35
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52117480
Koronaavaayiras:Namoonni 'matta'aan' bakka adda baasanii tursiifamuu keessaa bahan jiruu?
Weerara dibee koronaavaayirasii ittisuudhaaf jecha Itoophiyaan qajeelfamawwan adda addaa baastee hojiirra hoolchaa jirti. Qajeelfamawwan kanneen keessaa tokko namoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa seenan kamiyyu guyyooyya 14f akka adda of baasanii turan kan jedhu murtaa'uun isaa ni yaadatama.
Imaltoonni kunneenis yeroo adda of baasanii bakka dhimmuma kanaaf qophaa'e keessa yeroo turanitti ammoo baasii isaanii ofumaan akka of danda'an ta'ee, warri hin dandeenye ammoo bulchiinsi magaalaa Finfinnee baasii isaanii akka danda'uuf beeksisee ture. Haaluma kanaanis hoteelonniifi dhaabbileen gara garaa qophaa'aniiru. Haata'u malee, tibba kana keessa namoonni bakka itti adda of baasanii tursiifaman kana keessaa namoonni 'warra to'ataniif matta'aa kennuudhaan gara magaalaatti babba'aa jiru; kan jedhan oduun dhaga'amaa jiru. Haalli bakka itti adda baafamanii turuu kun kan hedduu isa yaaddesseefi maqaan isaa akka hin eeramne barbaade tokkos nuuf akka ibsettii bakka sana keessaa bahee akka tureefi amma ammoo deebiyee akka jiru hima. Dhimma kana Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Danbii Fayyaa Addunyaa kan to'atan Dr. Fayisaa Raggaasaa gaafanneerra. "Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti odeeffannoon arganne hin jiru," jedhaniiru. Yaalii odeeffannoo midiyaalee hawaasummaa irratti bahan qulqulleeffachuuf taasifneen, kan bahanii argine qajeelfamni addatti of baasuun turuu inni dirqamaa osoo hojiirra akka ooluuf murteen hin darbiin dura mana isaanii ta'anii namoota akka hordoffiin taasifamuuf ta'uu isaanii ibsaniiru. Dhimma kanas kan qulqulleeffatu gareen addaa Ministeera Fayyaatiin hundeeffamee guyyaa har'aa gara Immigireeshiniifi hoteelotaafi dhaabbileen adda baasanii keessa tursiisaniitti deemuun akka sakkatta'aniif itti-gaafatamummaan kennameeraaf. Bakkeewwan itti adda baasanii tursiisan keessatti to'annoon cimaan akka jiru kan dubbatan Dr. Fayisaan, poolisiin federaalaa ramadamee guyyaa guyyaan to'ataa akka jiruufi namoonnis kutaa keessatti argaman keessaa akka hin baanes ibsaniiru. Hordoffiin fayyaafi nyaanniifidhugaatiin isaaniif ddhiyatulleekaraa danbii isaa eegeen ta'uu isaa ibsaniiru. Dr. Fayisaan akka jedhanitti namoonni bakka itti adda baafamanii tursiifamanii kana keessa jiran hunduu kutaa addaa keessa akka jiran himuun, kutaa tokko keessa nama tokkoo olitu jira kan jedhamee odeeffamus soba akka ta'e BBC'tti himaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-36
https://www.bbc.com/afaanoromoo/42771108
Naannoo Amaaraa Magaalaa Waldiyaatti namoonni torba yoo ajjeefaman hedduun madaa'aniiru
Sanbata Duraa darbe Magaalaa Waldiyaatti walitti bu'iinsa qaamolee nageenyaaf jiraattota ayyaana Cuuphaa booda, Qaanaa Zagaliilaa kabajuuf ba'an gidduutti uumameen gaaziin imimaanessu kan dhukaafame yoo ta'u, namoonni torba lubbuu yoo dhaban hedduun ammoo madaa'uu isaanii ragaaleen ijaa BBC'tti himaniiru.
Walitti bu'iinsa Sanbata duraa galagala jalqabeen dhukaasa qaamolee nageenyaarraa dhuka'een namoonni 7 lubbuu kan dhaban yoo ta'u, namoonni lakkoofsi isaanii adda hin baane ammoo madaa'uu ragaaleen ijaan argan fi maddeen hoospitaala irraa ba'an ni mullisu. Haata'u malee, lakkoofsi namoota du'anii kanaa ol ta'uu akka malu himamaa jira. Finfinneerraa fageenya KM 500 irratti magaalaa argamtu kanatti namoonni BBC'n dubbise akka himanitti, dargaggoonni yoo sirban dhaabsisuuf yaaluun sababa walitti bu'iinsichaa akka ta'e dubbatu. Dargaggoonnis kana mormuun dhagaa darbachuu yoo eegalan bittinsuuf gaaziin imimaanessu dhuka'uunsaa mormii cimsee, dhukaasni cimaan dhaga'amuu akka eegaleefii miidhaan namootarra akka ga'e ni himu. Fuula Feesbuukii isaaniirratti lubbuun namootaa darbuu kan mirkaneessan hoogganaan BDhKMN Amaaraa Obbo Nigusuu Xilaahun, lubbuu namoota nagaa warreen galaafatan seeraaf ni dhiyaatu jedhaniiru. Itti fufuu mormii Mormiin kun guyyaa lammaffaaf itti fufuun Dilbata kaleessaas manneen daldalaa irratti miidhaan kan qaqqabeera, jiraattota aariin guutamaniin daandiin kan cufame yoo ta'u, sagaleen dhukaasa cimaa dhaga'amaa kan tureef qaamolee nageenyaan ala sochiin omaa akka hin jirre haati eenyummaan isaanii akka hin eeramne fedhan BBC'tti dubbataniiru. Abbaa kaafiteeriyaa kan ta'eef maqaan isaa akka hin eeramne kan fedhu jiraataan Waldiyaa kan biraa, sagalee dhukaasaa dhaga'amuun alatti Dilbata ganamarra dargaggoonni dhagaa darbachuun qaamolee nageenyaa mormaa akka turan ragaa ba'a. Lubbuu namootaa darbeef miidhaa qaamaa ga'een alatti qabeenyi hedduun akka barbadaa'es jiraattonni ni himu. Tiiviin Amaaraa namoonni torba lubbuu dhabuu haa gabaasuyyuu malee, lakkoofsi namoota du'anii sanaa ol akka ta'e jiraattoni ni dubbatu. Mormiin kun gara Magaalaa KM 20 fagaattee argamtu Haaraatti darbuun daandiin cufamee akka ture fi qabeenyarras miidhaan akka ga'e himameera.
GEM-xlsum_oromo-train-37
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45015988
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad oggantoota Ginbot 7 waliin mariyatan
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahmad daawwannaa Ameerikaatti taasisaniin dhaabbilee amantaa, dhaabbilee siyaasaa, namoota siyaasaafi rogeeyyii buleeyyii, akkasumas hawaasa bal'aa magaalota DC, LA fi Lakkuu (Miiniyaapolis fi St. Paul, Mineesotaa) waliin marii taasisaniiru, gaaffiilee ka'aniifis deebii kennaniiru.
Marii paartilee siyaasaa waliin taasisan keessaa tokko ogganaa garee Ginbot-7 Dr. Birhaanuu Naggaa waliin ture. Akka Itti-gaafatamaan Hariiroo Dhimma Alaa paartichaa Obbo Na'aammin Zallaqaa jedhanitti, Ministirri Muummichaa Dr. Abiy Dr. Birhaanuufi Andaargaachew Tsigee dabalatee aanga'oota Ginbot-7 kan biroo waliin mariyataniiru. Gama mootummaatiin Obbo Lammaa Magarsaa maree kanarra turaniiru. ''Andaargaachaw haa hiikamu yookaan aangoon gadhiisa'' Dhaabni mormituu Tigraay biyyatti deebi'uufi Maree sa'aatii lamaaf ture kanarratti jaalalaafi waliigalteerra akka ga'ame Obbo Na'aammin BBC'tti himaniiru. Jijjiirama yeroo ammaa biyya keessatti mullataa jiru Ginbot-7 akka deggeru ibsanii Itoophiyaa gara sirna dimokiraasii haqa qabeessa ta'etti ceesisuuf taasifamu waliin ta'anii hojjechuuf akka jiran ibsaniiru. Dabalataanis, miseensota isaanii biyya keessa socho'aa jiran gara siyaasa karaa nagaan qabsaa'uutti deebisanii haala ittiin gurmeessuun danda'urrattis mareen taasifamuu Obbo Na'aammin heeraniiru. Addichi yeroo gara biyyatti deebiyus halli nageenya oggantootaa wabii ittiin argaturrattis mariin taasifameera. Loltoonni gammoojjii Ertiraa keessa jiranis karaa nagaa akka deebiyan haalli mijachuufii qaba kan jedhus irratti dubbatameera. Obbo Na'aammin mareen ture walumaa galatti "baayyee bu'a qabeessaafi milki qabeessa kan turedha," jedhan. Gaaffii filannoo biiyyattii keessatti taasifamu keessatti hirmaachuurratti Ministira Muumichaa waliin dubbattanii turtanii jedhuuf Obbo Na'aammin "Inni dhimma nuti dursa kenninuuf miti," jechuun akka paartii siyaasaatti yeroo ammaa aangoodhaaf dorgomuun ajandaa isaanii akka hin taane dubbataniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-38
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41899288
Mucaan guddifachaaf kenname, waloo fi hoogganaa Yunivarsiitii Maanchistar ta'e
Warri adii Lamin Sisee jedhanii waamu. 1950ta dhumarratti barnootaaf gara Ingiliiz kan deemte Yemaarisheet, mucaa hineegne garaatti baatte. Deessee guddisuuf qophii waan hin turref, mucaa deesse 'Lamin' [Afaan Amaaraatiin -Maaliif] jettee moggaafte. Lamin Sisaay ji'a lamatti guddifachaaf kenname.
Ji'oota muraasaan booda haati Lamin mucaakoo deebisaa naa kennaa jettus, osoo hin milkaa'in hafte. Hojjataan tajaajila hawaasaa Normaan jedhamu, maqaa mucaa kanaa Lamin irraa maqaa isaa Normaanitti geeddare. Achiis maatii guddiftoota adii ta'aniif dabarsee kenne. Rincicoota kan turan maatiin isa guddisan kunneen, barsiisaa fi narsii turan. Yeroo ijoollummaasaa ''badaa' jechuun ibsa, Lamin. Guddachaa ennaa dhufus maatiisaa guddisaniif 'rakkisaa' tahe. Fedhii nyaataa dhabe, gara manaa galuu hin barbaadu; walumaagalatti jireenya isaatti gammadaa hin turre. Waggaa 12tti maatiin isa guddisan, lamuu arguu hinbarbaannu jedhanii hojjattoota hawaasummaatti deebisanii kennan. Umriisaa 18 keessatti manneen ijoollee guddisan afur keessa jooreera. Waggoota kanneen keessattis sarbamni sanyiirratti xiyyeeffatan - qaamaa fi xiinsammuun irra gaheera. Haati isa deesse akka isa gattee deemteefi lammii akka hin qabne itti himu turan. Erga umriinsaa 18 ta'ee booda, odeeffannoo waa'ee isaafi haadha isaatii argatee mana guddifachaatii bahe. Maqaansaas Lamin irraa gara Noormaanitti akka geeddarame bare. Xalayaa haatisaa tajaajila hawaasummaaf barreessiteen, ''Mucaakoo Lamin akkamin deebisee argachuu danda'a? Namoota isaa waliin akka ta'un barbaada, akka qoollifamu hin fedhu'' jechuun akka kadhatte hubate. Maqaasaas Noormaanirraa gara Laminitti deebisiise. Erga mana guddiffachaatii ba'ee booda kophummaan guddoo itti dhagahamaa akka ture Lamin ni dubbata. ''Yeroo ayyaanaa miseensonni maatii ennaa waliin ayyaaneeffatan an kophaa koon ture. Kanumaafi anis har'a ijoollee mana guddiffachaa keessa jiran walitti qabee, jalabultii ayyaana Qilleef irbaata kanin isaan affeeru.'' jedha. Lamin yeroo ijoollummaasaa ''badaa' jechuun ibsa Erga mana guddifachaatii bahee booda, mana maxxansaa magaalaa Maanchistar jiru keessatti hojii ogbarruu hojjechaa, haadhasaa barbaacha eegale. Dhamaatii waggoota dheeraan booda, umriisaa 21tti, Gaambiyaa keessa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanif akka hojjachaa turte bare - haatisaa Yemaarisheet. Lamin waa'ee haadhasaa ennaa dubbatu, ''Suuraa haadhakootii kanin argadhe kolleejjii itti barachaa turte keessaa enna tahu, umriin koos ganna 21 ture. Kunis umriishee wayita abbaakoo waliin walarganiin walqixa. Haati koofi abbaan koo yeroo jalqabaa fi dhumaaf itti walargan galgala ana ulfooftedha.'' jedha Lamin. ''Yemaarisheet dubartii ajaa'ibsiistuudha. Erga haasofne waggaa darbus, yeroo baay'ee wal argineerra.'' jedha. Har'a Lamin barreessaa kitaabota jaallatamoo hedduu, tiyaatiraa fi waloodha. Kana malees, Chaansilara Yuniivarsiitii Maanchistar ennaa tahu, yunivarsiitiiwwan Ingiliiz lamarraa doktara kabajaa argateera. Maal gumaache? ''Something Dark'' Lamin Sisaayiin Lamin waa'ee jirenyaafi hojiilee isaa BBC'f waan jedhe, '' Yogguu waa'ee koofi jireenyaafi falmii manneen guddifachaa keessa dabarse barreessuun na gammachiisa. Karaa keessa dabre namoota biroof qooduun na gammachiisa. Waanin jechuu barbaadu ogabrruun ibsuun ammoo naaf salphata.'' ''Walaloon wanta jechuu hin danda'amne hunda jechuun ni danda'ama. Ijoollummaa kootii kaasee, walaloon humna raagaa wayii akka qabu natti dhagahama. Ennaa mana guddifachaa keessan turettis gadda natti dhagahamu walaloodhaanan ibsan ture.'' jechuun fedhii garmalee walaloof qabu ibsa. ''Og-barruuf waaniin gumaache hin beeku. Hojiilee ogbarruu kootiin namoota kakaaseera taanaan, kun na boonsa. '' Waggoota 15 dura kan barreesse kitaabni ''Something Dark'' jedhamu, seenaa jireenyasaa akka seenessu dubbatama. ''Kitaaba kana Itiyoophiyaa dabalatee waltajjiiwwan biyyoota Afriikaa adda addaarratti dubbiseera, Raadiyoo BBC irrattis seeneesseera,'' jechuun yaadata. Itiyoophiyaa fi Lamin ''Ofiikoo lammii Ingliizii fi Itiyoophiyaa jedheen of lakkaa'a. Itiyoophiyaaf jaalala addaan qaba.'' jedha Lamin. Yeroo addaa gara Itiyoophiyaa deemuun hojiisaa akka dhiheesse dubbata. ''Barreeffamoonni koo gara Afaan Amaaraatti akka hiikaman hiriyoota koo wajjiin hasawaa jirra. Biyya kanattis yeroo dhihoon sagantaa carraa barnootaa bilisaa nan eegala. Sagantaan kunis barattoota lammii Itiyoophiyaa guddoo fayyada, kanaanis hedduun boona,'' jedha. ''Waanin Ingiliizitti dhaladhee guddadhef Afaan Amaaraa hasawuu hin danda'u,'' kan jedhu Lamin kitaabni isaaa ''Gold from the Stone'' jedhamu gara Afaan Amaaraatti hiikamaa akka jiru dubbata. Chaansilara Yunivarsiitii Maanchistar ta'ees hojjechaa jirra. ''Akka chaansilarummaa kootti walgahii miseensota boordii yunivarsiitichaa nan gaggeessa; akkasumas barattoota nan eebbisiisa. Sababiin chaansilara ta'ee itti filatame keessaa tokko, barattoota seeraaf carraa barnootaa bilisaa waanin mijeessaa tureefi,'' jedha.
GEM-xlsum_oromo-train-39
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55526756
Hidha Haaromsaa፡ Masriin dhimma hidha haaromsaarratti sanada dhiyaate fudhachuu didde
Mariin dhimma hidha haaromsaa adda citee ture Dilbata kaleessaa itti deebi'amee mari'atameera, marii kanarratti wiixinee waliigaltee sanadaa, ogeeyyii dura taa'aa Gamtaa Afriikaan bakka buufamaniin dhiyaate, Masriin diduushee Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa himeera.
Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin marii dhimma hidha haaromsaarratti gaggeessaa turan naannoo ji'a tokkoof adda citee ture. Mariin kun Dilbata kaleessaa (Amajjii 03,2021) wayita eegalu, ogeeyyiin Gamtaan Afriikaa bakka buuse wiixinee sanada waliigaltee biyyoota sadeeniif dhiyeessanii turan. Wiixinee sanadaa kana Itoophiyaa fi Sudaan haala gaariidhaan fudhatan jedha ibsi Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa. Marii deebi'ee itti fufuun gaggeeffame kana Ministeera Qindoominaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Afriikaa Kibbaa fi Dura taa'aa Koree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afriikaatu dursan. Marii kanarratti ministiroonni dhimma alaa fi dhimma bishaanii biyyoota sadanii kan hirmaatan yoo ta'u, akkaataa mariin dhimma hidha haaromsaa itti fufuu danda'uu fi wiixinee sanadaa ogeeyyiin dhiyeessan irratti mari'ataniiru. Itoophiyaan sanada dhiyaate kan fudhattu ta'uu kan ibse ministeerri kun,''mariiwwan itti aananii gaggeeffaman keessatti yaada sanada kana keessatti eerame akka galteetti fayyadamuufis qophiidha'' jedheera. Sudaanis yoo taate wiixinee sanadaa kanarratti yaada mormii akka hin qabnee fi sanadicha akka waan gaariitti fudhattee marii itti aanuuf qophii ta'uu ibsiteetti jedha ibsi kun. Masriin garuu sanada kana gonkumaa akka hin fudhanne ibsiteetti jedha ibsi Ministeera Bishaan, jallisii fi Inarjii Itoophiyaa. Akkaataa guutiinsa bishaanii fi qabiinsa isaa irratti akka irratti mari'atamuuf yaadi wiixinee sanadaa kanarra taa'ee jiru waliigalteerra kan ga'ameedha kan jedhu ibsi kun ''yaa'aawwan lageen Abaayiif galtee ta'anirratti misoomaawwan gara fuluduraatti hojjetamuuf deeman irratti yaada dhiyaatu qofatu adda addummaa yaadaa uuma'' jedheera. Pirojektiin humna ibsaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa bishaan kan hin qisaasessine ta'uusaa kan eere ibsi kun Itoophiyaanis kan feetu waliigaltee kana ilaalcha keessa galchee fi hunda walqixa fayyadu akka jiraatuudha jedheera. Waliigalteen irra ga'amu garuu mirga itti fayyadama bishaanii Itoophiyaa kan sarbu akka ta'u hin iyyamnu jedha ibsichi. Ogeeyyiin biyyoota sadeeniiyyuu erga sanada dhiyaaterratti mari'atanii booda, yaada irratti waliigalanii fi irratti walii hin galle qabatanii marii ministeerotaa torbee itti aanu keessa gaggeeffamurratti ni dhiyeessu. Marii kanarratti taajjabuun kan dhiyaatu Gamtaan Awurooppaa, mariin biyyoota sadeenii deebi'ee itti fufuusaa ilaalchisuun, mariin kun haala guutiinsa bishaaniifi dhimmoota kanaan walqabatanirratti gara waliigalteetti deemuuf akkaan bu'a qabeessa jedhe.
GEM-xlsum_oromo-train-40
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46094278
Yaaddoo meeshaan waraanaa seeraan alaa uume
Konkolaataan guddaan boba'aa fe'atee Sudaanirraa Itoophiyaa seenaa ture Lixa Gondar naannoo Gandaa Wuhaa jedhamutti garagalee sakatta'iinsa poolisiin taasisaniin shugguxiin biyya Turkiitti hojjetame 1,291fi kilaashiin 97 to'annaa jala ooluun torban darbe ture kan oduun dhaga'ame.
Shugguxii seeraan alaa qabame Meeshaan waraanaa kallattii gara garaan daangaa cabsee gara biyyaa galaa jiraachuu oduun kan dhaga'amuu jalqabe bubbuleera. Ji'oota muraasa ammoo haala kanaan dura ta'ee hin beekneen magaalaa Finfinnee dabalatee meeshaan waraanaa seeraan alaa akka malee baayyataa jiraachuun yaaddoo uumeera. Poolisiin Federaalaa tibbana tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himetti A L I 'tti Adoolessa 1, 2010 hanga Onkoloolessa 20, 2011 'tti meeshaaleen waraanaa gara garaa seeraan ala fe'amaa turan 2, 516 ta'an gara biyyaa galuudhaaf yeroo jedhanitti qabamuu isaanii beeksiseera. Dhimmi kunis maaltu akka ta'aa jiru namoota yaaddoo keessa galcheera. Mootummaan ammoo maal gochaa jira kan jedhu akka gaafatanis taasiseera. Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiy Ahimad wayita daawwannaaf gara Jarman deemanii turan Magaalaa Firaankifartitti gaaffii namoota seeraan ala meeshaa waraanaa hidhatanii nageenya booressan jedhamanii fi meeshaalee waraanaa seeraan ala yeroo garagaraatti biyyattii keessa osoo galanii qabamanirratti wayita deebii kennan. ''Paartiin morkattuu meeshaa hidhatee Itoophiyaa gale tokkollee hin jiru. Hunduu alaabaa qabatanii, sirni qophaa'eefii akka nagaan biyya galan isin hubachiisuun narraa waan eegamu miti.'' ''Maarree meeshaaleen waraanaa irra deddeebiin qabaman eessaa dhiufan yoo naan jettan, meeshaaleen waraanaa biyyoota garagaraarraa bootee boba'aa fe'u keessa dhokfamanii kallattii adda addaatiin seeraan ala gara biyyaa ni galu.'' Lammiileen Itoophiyaa hedduun hidhataniiru. Kan hanga ammaa argitan qofa osoo hin taane, kanneen isin hin beekne, kan naannoo ollaasaa jiru waraanuuf meeshaa bitachaa, loosee seensisaa oola. Itoophiyaa keessatti akkuma beektan yeroo baayyee warren ummata walitti buusan hin du'an, kan dhumu qonnaan bulaadha. Kanaafuu ummati keenya akka wal hin ajjeesne,karaa hin taane akka hin deemne walgorfachuudha malee karaa ummanni ittiin walfixu mijeessuun waan sirrii miti,'' jedhan. Naannoowwan meeshaan seeraan alaa fe'amuun baayyinaan itti mullatan keessaa naannoon Amhaaraa adda durummaan heerama. Itti-gaafatamaan Biiroo Nageenyaa Naannichaa Birgaader Jeneraal Asaaminew Tsiggee akka jedhanitti karaa Matammaafi magaalaawwan biroo meeshaan seeraan ala galuuf osoo jedhanii qabamaniiru. "Yaaddoon isaa salphaa miti" kan jedhan aanga'aan kun, akka furmaataatti naannichi bakkawwan sakatta'insaa filateera jedhan. Ta'us garuu bakkawwan sakata'insaaf filatamiin alatti meeshaan waraanaa seeraan alaa akka hin daddabarreef uummati akka saaxiluuf waliin hojjechuudhaaf mariyachaa jirra jedhan Akka itti gaafatamaa kanaatti bakkawwan sakatta'insaaf filataman kanatti iskaanerii (meeshaa elektiriikaan kan sakata'u) hojiirra oolchuudhaaf mootummaa Federaalaa waliin hojjechaa jiru. Naannoon Benishaangul Gumuzilleen bakka meeshaan waraanaa seeraan ala deddeebiyu keessaa tokkodha. Naannoon sun Sudaan Kibbaa waliin waan waldaangessuuf keessumaa aanaa addaa Nakoomaa jedhamurraan meeshaan seeraan alaa akka galu Pirezedaantiin itti-aanaan naannichaa Obbo Abarraa Baayyataa ni dubbatu. Keellaa Buhaa Almehal jedhamutti yeroo meeshaan waraanaa seeraan ala giddu-galeessa biyyaatti galaa jiru akka qaban dubbatanii meeshaa seeraan alaa "sakkatta'uudhaan to'annoo jala ni oolchina" jedhaniiru. Meeshaa waraanaa seeraan ala deddeebiyu bifa waara'aa ta'een furuuf ammoo humni mootummaa naannichaafi Federaala irraa walitti dhufee hundaa'e jiraachuus heeraniiru. Meeshaan waraanaa seeraal ala deddeebiyuun kan naannolee qofa osoo hin taane mataa dhukkubbii magaalaa Finfinneetis. Xiinxalaan siyaasaa Obbo Daadee Dastaa akka jedhanitti namoota dhuunfaadhaan ykn garee xixiqqaadhaan meeshaaleen seeraan alaa rabsamuun seeraan aladha. Meeshaa hidhachuun humna fayyadamuun aangoo mootummaa qofaa ta'ee osoo namoota dhuunfaafi gareewwan harka galaa jiraachuun meeshaa mul'ataa jira jedhan. Gochaawwan balaa baatan jedhan kanneen akka meeshaalee waraanaa deddeebisuu, naannolee gidduutti waldhabdee uumamu, olola jibbiinsaa oofamuu eegale paartilee karaa nagaan qabsaa'uuf biyya seenaniin walqabsiisu. Meeshaaleen seeraan ala deddeebi'an kunneen harka daldaltoota seeraan alaa akkasumallee namoota ajandaa siyaasaa uummatanii socho'an harka galuu waan danda'aniif aangoo mootummaaf yaaddoo ta'uun alatti ummata balaa keessa buusuu danda'a jedhu. Haalli kun bahaa fi gala ummataa yaaddoo keessa galcha kan jedhan Obbo Daadeen ummati mootummaarraa amantaa dhabaa fi nageenyasaaf sodaachaa hammuma deemu meeshaa waraanaa ittiin nageenyasaa eeggatu bitachuutti deema jedhu. Akka isaan jedhanitti dhaabbileen mootummaa meeshaalee waraanaa seeraan alaa to'achuuf hundaa'an qindoomina hin qaban. ''Wayita rakkoon uumama sadarkaa hatattamaan deebii kennanirrallee hin jiran. Kana sirreessuuf aarsaa kaffaluu gaafata.'' jedhan. ''Seera eegsisuun dirqama mootummaa ti, mootummaan utuu hin turin to'annoo barbaachisaa cimsuu qaba. Sochii cimaa gochuu qaba mootummaan'' Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Meejar Jeneraal Daggifee Badhii deddeebisa seeraan alaa meeshaalee waraanaa to'achuuf jecha meeshaa hidhachuun kan eeyyamamuu fi hin eeyyamaneef ilaalchisee seera baasaatti jiraachuu dubbata, yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolas jedhan. Kanaan dura namni dhuunfaa sababa ga'aa dhiyeessee mootummaa beeksisee hidhachuu danda'a. Ta'us garuu lammiileen beekamtii mootummaan ala meeshaa waraanaa kan hidhatan yoo ta'e aangoon mootummaa yaaddoo keessa galuun waan hin oolle jedhu Yuuniversitii Keel keessatti seera kan barsiisan, xiinxalaan siyaasaa DR. Awwal Qaasim Aloo. ''Namni dhuunfaa marti meeshaa waraanaa hidhachuu yoo jalqabe sababa kan ta'u dhimma siyaasaati, siyaasni haala kanaan deemummoo biyya balaa keessa buusa. Keessattuummoo meeshaan waraanaa seeraan ala deddeebi'an kunneen harka humna cimaa ijaaramee yoo gale walfixuutu dhufa'' jedhan Dr. Awwal. ''Meeshaa waraanaa ilaachisee seerri kanaan dura jiraatus, yaaddoo ammaan tana uumamaa jiru hambisuuf seerri cimuu qaba. Namni tokko meeshaa waraanaa hidhachuuf ulaagaan sirrii fi ifaa ta'e jiraachuu qaba. Namni tokko sababa malee meeshaa kan hidhatu yoo ta'e rakkoon dhalachaa deema'' jedhan.
GEM-xlsum_oromo-train-41
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41924963
Magaalaan Harar ykn Jagool suuraaleen yoo ibsamtu
Magaalaan Harar magaalaa Jagool jedhamuun beekamti. Magaaloota addunyaa lafa xiqqaa irratti hawwattoota tuurizimii hedduu qaban keessaa tokko dha. Seenaan magaalattii waggoota 1,000 ol lakkoofsisan, qabeenyi hambaalee qabdu akka baay'atan taasiseera. Dallaa fi balbaliwwan Jagool, saantimawwan warqee, masjiidawwan umurii dheeraa lakkoofsisan, ijaarsi manaa fi ogummaa harkaa garaa garaa hawwattoota tuurizimii magaalattii keessaa muraasa. Har'aafis suuraawwan qabeenya aadaa fi seenaa magaalaa Harar agarsiisan keessaa muraasni kunooti.
1. God-haambaa Artar Raamboo: God-hambaan kunis maqaa barreessaa biyya Faraansaay Artar Raamboo'n moggaafame. Galmichis kutaalee suuraa magaalaa Harar waggoota dheeraan dura kaafaman mul'isaniifi barreeffamoota qorannoo magaalattii irratti xiyyeefachuun adeemsifaman qabateera. Artar Raamboo bara 1880tti gara magaalaa Harar dhaquun turtiisaa waggoota 11 keessattis suuraawwan magaalattii kan ammaa waggoota 120 ol lakkoofsisan hedduu kaaseera. Ijaarsi God-hambaa kanaas nama biyya Hindii Jiwaaji jedhamuun akka raawwatame maddeen ni mul'isu. 2. Aflaalaa Wuuffaa: Meeshaaleen suphee irrraa hojjataman kunneen lakkoofsaan afur yoo ta'an, mana jireenyaa ummata Harariitti tartiibaan kaa'amu. Tokkoon tokkoon isaanis faayidaa mataa mataa qabu. Inni jalqabaa 'baankii haadhaa' jedhamuun beekama. Kan abbaan warraa maallaqa baasii manaatiif oolu haadha warraasaaf keessa kaa'udha. Inni lammataa qorichawwan aadaa gosa garaagaraa teessisuuf kan ooluudha. Inni saddaffaan ammoo sanyii qorichaawwanii fi midhaanii kaa'uuf gargaara. Meeshaan inni afraffaan ragaalee kanneen akka gibiraa fi lafaa olkaa'uuf kan fayyaduudha. 3. Qorii Haadhaa: Meeshaan aadaa kun yeroo cidhaatiif kan itti tajaajiluudha. Haatii intalashee heerumtee, mana warra soddaatti galteef guyyaa miiccaa hanga deebiitutti nyaatawwan aadaa kanneen akka Zuhuuq, Aqleel, Maqlii fi kan biroo qorii haadhaa kanaan geessiti. Qoriin kun nyaata hanga kiloo giraama 25 ta'u qabachuu danda'a. Namootni nyaata kana geessanis namoota aadaa uummata Hararii beekanii dha. Qoriin mukkeen akka waddeessaa, ittacha fi waatoo irraa hojjetamu kunis, guyyoota muraasa booda kennaa waliin gara mana intalaatii deebi'a. 4. Madabii: Manneen aadaa uummata Hararii keessatti madabiin teessummaa iddoo guddaa qaba. Mana tokko keessattis madabiiwwan shan kan hojatamana yoo ta'u, isaanis gahee namoonni hawaasa keessatti qaban kan agarsiisaniidha. Madabawwan kun beekumsa, umurii fi koorniyaadhaan namootaaf kan qoodamanii dha. Namootni beekumsa amantaa ol'aanaa qaban madabii isa ol ka'aa irra yoo taa'an, abbaan warraa, dubartootni, dargaggootni fi daa'imman madabii teessoo isaaniif qophaa'ee irra taa'u. Madabiiwwan shananis Afaan Adareetiin Amiir Nadab, Gidir Nadab, Xit Nadab, Guuti Nadab fi Gabtiheer jedhamuun beekamu. 5. Qaraa'if kophee mukaa: Kopheen akka jabana ammaatti bifa ammayyaan hojjetamuu osoo hin eegaliin dura ummanni Hararii kopheewwan muka fi gogaa irraa hojjetaman fayyadamaa turan. Kopheen muka irraa hojjatame mana keessatti ittiin sosocha'uuf kan tajaajilu yoo ta'u, kan gogaa irraa hojjatame ammoo karaa dheeraa deemuu fi hojii hojjechuuf tajaajila. 6. Dallaa Jagool: Dallaan Jagool bara 1551/52 akka ijaarame ragaaleen seenaa agarsiisu. Dallaan kun dheerina lafaa ol meetira 4 yemmuu qabaatu, furdinni isaa immoo seentimeetira 50-75 ta'a. Mootii/ Amir Nur Bin Mujaahid nama dallaa kana ijaarsise dha jedhama. Balbalawwan shanan dallaan kun qabus kallattiilee bishaan dhiyeenyatti argachuun danda'amutti kan hojjetamanidha. 7. Karra Fal'aanaa: Karri Fal'aanaa balbalawwan dallaan Jagool qabu shan keessaa isa tokko dha. moggaasa balbala kanaas kan kennameef waan gara araddaa Fal'aanaa geessuufi jedhu. Warra Harariitiin ammoo karra Asumiy jedhamuun waamama. Innis laga naannoo balbala kanaatti argamu fi kan haalluu diimaa qabu irraa argateedha. Asum jechuun afaan Harariitiin barbarree jechuu dha waan karrichi kan laga halluu diimaa yookin halluu barbarree fakkaatuu fulleefatuuf.
GEM-xlsum_oromo-train-42
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54417965
Koronaavaayiras: Taphattoonni garee biyyaaleessaa kubbaa miilaa Itoophiyaa shan Covid-19n qabaman
Taphattoota garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa dhuma Onkoloolessaatti calallii dorgommii waancaa Afriikaatiif shaakalaaf waamaman keessaa kanneen cimoodha jedhaman shan koronaavaayirasiin qabamusaanii Itti-gaafatamaan Waajira Federeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Baahiruu Xilaahuun BBCtti himan.
Obbo Baahiruun taphichaaf taphattoonni 41 waamamusaanii yaadachuun, shana isaanii garuu sababii adda addaatiin osoo garichatti himakamiin hafuusaanii himan. Shanan sana keessaa lamaan isaanii ammatti yaaliif biyya alaatti taphataa jiru kan jedhan itti-gaafatamtichi, tokko sababii miidhaan irra gaheen garichatti osoo hin makamiin hafuu dubbatan. Osoo qorannoon Covid-19 miseensoota garee kubbaa miilaa kanaaf hin taasifamiin dura, taphattoota 18f qorannoon onneen wal qabate taasifamuuf himan. Itti-aansuunis taphattoota 36f qorannoonni Covid-19 taasifamuun shanan isaaniirratti vaayirasichi argamuu himaniiru. Akkasumas, taphattoonni kanneen vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e waliin tutuqqaa qabu jedhaman adda baasuun hojjatamaa jiraachuus himaniiru Obbo Baahiruun. Taphatoonni vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e kunneenis hoteela keessatti adda of baasuun akka turan taasifamuun, leenjii hojjachuun dafanii akka bayyanataniif yaalii danda'amu hunda taasisaa jiraachuu ibsan. Akkuma bu'aan qorannoo taphattoota kanneenii dhagahameettis garee keessatti naasuun uumamee kan ture yoo ta'u, oggeessoota Insitityuutii Fayyaa Biyyattiirraa dhufaniin gorsi ogummaa kennamuufiisaa dubbataniiru. Taphattoonni amma vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'ees harra gara hoteela tursiisuuf hayyama qabaniitti akka dabarfaman himaniiru. Taphatoonni kunneenis isaan ciccimoo waan ta'aniif garee irratti dhiibbaa xinsammuu qabaatulleen, 'dafanii akka bayyanachuun gareetti deebi'aniif yaalii hunda ni taasifna' jedhan. Taphatoonni guyyoota 14 dhufan keessatti deebisanii taphaaf ni qaqqabu jedhamee kan yaadamu ta'ulleen murtee garuu kan leenjiftootaati jedhan. Taphatoonni hafan garuu akka hin qabamneef tarkaanfiiwwan of eegannoo fudhataa akka jiran himan. Dorgommiin Itoophiyaan Niijar waliin taasiftu Onkoloolessa 30, 2013 ta'uu isaas itti-gaafatamaan kun dabaluun himaniiru. Haaluma walfakkatunis, walakkeessa Sadaasaa keessa liigii olaanaa, liigii tokkoofaafi liigii Pirimiyeerii dubartootaa eegaluuf Federeshinichi karoorafachuusaafi gareewwanitti himuun qophiin taasifamaa jiraachulleen ibsaniiru. Dorgommiiwwanis kan gaggeeffaman istaadiyoomii cufaa keessatti yoo ta'u, adeemsa keessa filannoowwan jiran ilaaluun haalli deegartoonni itti galan ni hayyamama jedhamee yaadamuulleen dabaluun dubbataniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-43
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49068329
''Murtee dhumaa eeggachaa jirra,'' Beteliheem Abarraa
Shamarreen lammii Itoophiyaa Naaziraawiit Abarraa jedhamtu qoricha sammuu addochoo dadabarsuun shakkamte baatiiwwan muraasaan dura Chaayinaatti to'annaa jala olfamte turte amma murtee dhumaa eegataa akka jirtu obboleettiiinishee Beteliheem Abarraa BBC'tti himaniiru.
Naaziraawiiti erga dadabarsuu qoricha sammuu hadochootiin shakkamtee Chaayinaatti to'annaa jala olfamte baatii jaha darbeera. Seerri Chaayina namni dadabarsa qoricha sammuu hadoochaan irratti argame mutreen du'aa akka itti murtaa'u hajaja. Kanaafuu maatiin Naaziraawit seerichi isheerrattis hojiirra olaa sodaa jedhuun yaaddoo keessa galu dubbatti obboleetiin. Dhimma kanas qondaaltoota mootummaa Itoophiyaa olaanoo dabalatee namoonni beekamoon itti dhiheenyaan hordofaa akka jiran himamuunsaa ni yaadatama. Biyya Chaayinaa mana hidhaa Guwaanszutti kan argamtu Naaziraawiit ALI Waxabajjii 20, 2010 yeroo jalqabaatiif mana murtiitti dhiyaatte. Isheenis qoricha sammuu hadoochuufi kokeeyiin jedhamu kg 5.2 ulfaatu haala shaampootii qophaa'e eenyu akka itti kenneefi attamiin qabachu akka dandeesse mana murtii biyyattiitti himaniiru. Abukaatoo motummaan Chaayinaa dhaabeefis, ragaa kana dura Naaziraawiit biyyaa baatee akka hinbeekne mull'isu, yakkarraa bilisa ta'ushee, haala barnootaafi hojiishee (akka injinara taa'ee) ragaa dhiyeessuu obboleettiin Naaziraawit ibsaniiru. Obboleettin ishees ragaawwan kanneen himannaa irratti dhiyaateef akka ragaa ittisaatti kan ergame ta'uu eeruun, ''seerri Chaayinaa cimaa ta'unsaa hinollee. Haala yaadneen deemaa hinjiru. Ta'us garuu abdii hinkutannu,'' jedhaniiru. Gama biraatiin abbaan alangaa ammoo gochicha itti yaaduun kan raawwatteefi kan barattee taate osoo jiru dogongoraan nama harkaa fudhuun irra hinturre jechuun mormuu obboleettiin ni dubbatu. ''Yeroo lammataatiif yoom akka mana murteetti dhiyaattu guyyaan adda bahee hinbaramne,'' kan jettu Betelihem, haala seera Chaayinaatti namni tokko mana murtiitti dhiyaatee guyyaa 20 ykn ji'a tokkoon booda murtee dhumaa akka kennamuuf ragaa akka qaban dubbatu. Haala kanaanis murtee Naaziraawiit kan dhumaa abdiin eeggachaa jiraachu nutti himaniiru. Akka Betelehem jedhaniitti, Naaziraawitiin qaamaan argu dadhabdulleen yeroo lama xalayaa ergiteefi jirti. "Jalqabarra ciminni dhimmichaa hingalleef ture. Nan dhufa jechaa turte. Amma garuu haalli cimaa ta'uu waan hubatteef dhiphachuu jalqabdee jirti,'' jechuun haala Naaziraawiit keessatti argamtu ibsaniiru. Xalayicharrattis, ''nama dogongoraa amanuu kiyyaatti ofiis maatii kiyyas aarsaa baayyee kanfalchiseera. Baheen isiin boonsa,'' yaada jedhu caqasuushee himu. Maatiinis ji'aan maallaqa muraasa akka erguuf akkasumas dippilomaatoonni Imbaasii Itoophiyaa Chaayinaatti argaman akka gargaaruufi barbaachisaa wayita ta'eettis dhaqanii akka ilaalan nutti himaniiru Beteliheem.
GEM-xlsum_oromo-train-44
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45205179
Itoophiyaa: 'Liyyuu poolisii'n eenyuun, akkamiin hundaa'e?
Poolisiin addaa naannoo Somaalee 'Liyyuu pooliis' jedhaman yakkoota mirga namoomaa sarban raawwachuun dhaabbilee mirgoota namoomaaf falmaniin irra dedeebiin himatamu.
Dhiyeenya kana dhaabbanni Amnestii Intarnaashinaal jedhamu, walitti bu'insa daangaa Oromiyaafi Somaalee gidduutti uumaman keessatti 'Liyyuu pooliisii' yakka mirga namoomaa sarbu waan rawwataniif mootummaan Federaalaa hatattamaan akka diiguuf gaafateera. Akka ibsa Amnestiitti, 'Liyyuu pooliisii'n namoota ajjeesuurraa jalqabee hanga manneen jireenyaa barbadeessuutti yakkoota mirga namoomaa sarbuu raawwateera. Dhiyeenyuma kanas naannoo Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Mayyuu Muluqqeetti ajjeechaa namoota 41tiif aanga'oonni naannoofi kanneen miidhaman poolisiidhuma kana itti gaafatamaa taasisu. Dhaabbanni mirgoota namoomaaf falmu 'Human rights Watch' gabaasa torbee muraasa dura baaseen, sirreeffamtoota mana amala sirreessaa Ogaaden Naannoo Somaaleetti argamu keessatti miseensonni humna nageenyaafi poolisiin addaa kun hidhamtoota reebuufi dirqisiisanii gudeeduun himatee jira. Dubartoota 'Human Rights Watch' dubbisees mana sirreessaa sana keessatti dirqamaan gudeedamanii, wal'aansa fayyaa tokko malee achuma keessatti akka da'an dubbatu. 'Liyyuu Poolisiin' attamiin hundeeffame? Obbo Jamaal Diirii Haaliis dhalataa naannoo Somaalee yoo ta'an, aanaa Gellaaddee jedhamtu bakka bu'uun marsaa lamaaffaaf miseensa mana maree naannichaa turan. ''Naannoo Somaaleefi siyaasa achi jiru sirriitti nan beeka, yakkawwan Naannoo Somaaleetti raawwataman mormuu kootiin bara 2007 biyya koo gadi dhiisee baqachuudhaaf dirqameera," jedhu. Yeroo ammaa Obbo Jamaal Jarman keessa jiraatu. "Naannoo sana keessa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) bal'inaan socho'aa ture, humna kana Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhabamsiisuudhaaf yaalii hedduu taasisaa ture garuu milkaa'uu hin dandeenye ture," jedhu haala itti poolisiiin addaa hundeeffame yoo ibsan. Akka Obbo Jamaal jedhanitti yoo ta'e, ONLF kan waraanaa turan miseensonni Ittisa Biyyaa afaaniifi aadaa naannoo waan hin beekneef loltoota ONLF jiraattota naannoorraa adda baasanii beekuu hin dandeenye. Bara 2007 garuu haala siyaasa naannichaa wanta jijjiiretu uumame jedhu. "ONLF namoota qabeenya zayita boba'aa barbaadaa turan lammilee Chaayinaafi Itoophiyaa 70 ajjeese." Kanarraa kan ka'e Mootummaan Federaalaa ONLF irratti tarkanfii isa dhumaa fudhachuudhaaf ka'e jechuun waan yaadatan ibsu Obbo Jamaal. Kanaaf ammoo yeroo sanatti filannoo sirrii kan ture dargagoota naannoo Somaalee hojii dhabeeyyii gurmeessuudhaan leenjii kenneefi hidhachiisuudhaan ONLF irratti duulchisuu ture jedhu. Qorataa mirgoota namoomaa Amnestii Internaashinaal kan Gaanfa Afriikaa kan ta'an Obbo Fissahaa Takilee hundeeffama 'Liyyuu poolisii' irratti yaada wal fakkaataa qabu. "Dhaaba naannoo sana keessa socho'aa ture mootummaan garee shorokkeessitootaa jedhee waamaa ture to'achuudhaaf ture," jedhu. Bu'uura seeraa Akka Obbo Fissahaan jedhanitti yoo ta'e poolisiin addaa kun yeroo hundeeffametti kan mootummaa naannichaa jalatti buluufi itti waamamni isaas mootummichuma naannoo ta'a jedhamee ture. "Akka heera biyyaatti humna hidhatee daangaa ce'ee dhufu ittisuudhaaf dirqamni kan irra jiruufi itti-gaafatamummaa fudhatus raayyaa ittisa biyyaati." "Kanaaf, bu'uurri seeraa ittiin poolisiin addaa kun hundeeffamu hin jiru" jechuudhaan ibsu. Poolisiin addaa kun komishinii poolisii jalatti miti kan gurmaa'e kan jedhan Obbo Fissahaan, poolisiin addaa ajajaa mataa isaa qaba jedhu. "Itti-waamamni ajajaa kanaa ammoo pirezidaantii Mootummaa Naannoo Somaalee duraanii kan turan Abdii Mohaammed Umariifidha," jedhu Obbo Fissahaan. Obbo Jamaalis hundeeffamni poolisii addaa kun bu'uura seeraa hin qabu jedhu. Akka isaan jedhanitti Poolisiin addaa kun caasaa poolisii naanichaas ta'e kan milishaa keessas hin jiru. Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daarekterri Ol-aanaa Indoktirineeshiniifi Sab-qunnamtii meejer Jeneraal Mohaammed Tasammaa garuu yaada hundeeffamni Poolisii Addaa kun bu'uura seeraa hin qabu jedhu hin fudhatan. Noonnolee Itoophiyaa keessa jiran hunda keessa poolisiin addaa jira jedhu. "Poolisiin kan idilee, poolisiin addaafi milishoonni jiru. Naannoon Somalee Itoophiyaas akkuma naannolee biroo humna poolisi addaa leenjisee bobbaasuun humna federaalaa waliin wal ta'uudhaan hojii nagaa eegsisuu hojjechaa tureera." "Kanumarraa kan ka'eenis, naannoo kanatti tasgabbiin uumameera, beekamtii seeraan ala kan uumame miti," jedhu. Caaseffama Poolisii Addaa "Abdii Mohaammed Umar itti-gaafatamaa Biiroo Nageenyaa naannichaa ta'uun, akkasumas erga pirezedaantii ta'anii boodas itti-waamamni Poolisii Addaa isaaniif ture," jechuun dubbatu Obbo Fissahaa Takilee. Akka Obbo Fissahaan jedhanitti Fulbaana bara 2017 keessa Poolisiin kun miidhaa geessisee namoota miidhaa ga'e sanarraa hafan dhaabbanni isaanii dubbisee ture. Yeroo sanatti miidhamtoonni kun miseensonni Poolisii addaa kallattiidhaan bilbilaan pirezidaant Abdii waliin osoo haasa'anii dhaga'uu isaanii nutti himaniiru jedhu. Obbo Jamaal gama isaaniitiin, "poolisiin addaa kallattiidhaan kan ajaja fudhataa turan pirezedaantii Naannoo Somaalee duraanii Abdii Mohaammed Umar irraa ture" jedhu. "Abdii Mohaammed Umar ammoo ajajoota raayyaa ittisaa damee bahaafi aanga'oota Finfinnee jiranirraa ajaja fudhata," jechuudhaan caasaa ture ibsu. "Miseensonni poolisii addaa yeroo filaman ta'e jedhamee kan sadarkaan barumsa isaanii gadi aanaa ta'eefi hojii hin qabne turan. Yeroo leenjii waraanaa fudhatanittis qabannaa mirgoota namoomaa irratti leenjiin isaaniif kennamu tokkoyyu hin jiru," jedhu. Hidhannoo Humni poolisii addaa kun miseensota meeqa akka qabu lakkoofsa sirrii ta'e kaa'uun nama rakkisa jedhu Obbo Fissahaa Takilee. "Naannoo sana keessa poolisii idilee meeqa, poolisii addaafi milishoota meeqa akka jiran, akkasumas baajata isaanii beekuun rakkisaadha" jedhu. Obbo Jamaal ammoo "Abdii Mohaammed yeroo gara garaa akka dubbatanitti kanan dhaga'e baay'inni poolisii addaa kun kuma 30,000 hanga kuma 40,000 ta'uu danda'a" jedhu. Meeshaa waraanaa hidhatan ilaalchisee Obbo Jamaal yeroo ibsan "Meeshaa waraanaa poolisiin hidhatanirraa adda kan ta'eefi kan ammayyaa ta'edha," jedhu. Meeshaan waraanaa poolisoonni addaa hidhatan kan raayyaan ittisa biyyaa hidhate waliin kan wal-gitu ta'uu yeroo gara garaa jiraattotarraa mirkaneeffanneerra jedhu Obbo Fissahaan. Meejer Jeneraal Mohaammed garuu Naannoo Somaalee rakkoon nageenyaa jabaa akka tureefi rakkoo kana furuuf ammoo qaama nageenyaa federaalaa waliin ta'uudhaan humna poolisii addaa kana jabeessuufi hidhachiisuun barbaachisaa ture jedhu. Kana gochuunis rakkoo nageenyaa naannichaa furuun danda'ameera jedhu. Carraa Poolisii Addaa Poolisiin addaa naannoo Somaalee kun kallatiidhaan ajaja fudhataa kan ture Pirezedaantii naannichaa duraanii Abdii Mohaammed Umarirraa akka ture himameera. Abdii Mohaammed umar aangoo irraa bu'uu isaaniitiin walqabatee carraan poolisii addaa maal ta'uu danda'a jennee Obbo Jamaaliin gaafanneerra. Akka amantaa Obbo Jamaalitti Abdiin aangoo isaarraa bu'uu yoo mirkaneeffatan poolisoonni addaa meeshaa hiikkachuudhaaf eyyamamoo ni ta'u jedhu. Haata'u malee, miseensonni poolisii addaa kun uumatarraan miidhaa garaa garaa geessisaa waan turaniif osoo uummatichatti hin makamiin dura leenjiin haaromsaa kennamuufiin barbaachisaa ta'a jedhu. Obbo Fissahaan garuu miidhaa Poolisiin Addaa kun Harargee bahaatti dhiyeenya kana raawwataniiru jedhamu yaadachuudhaan, "poolisii addaa kanaaf ajaja kan kennaa turan Abdiin aangoorraa bu'anillee poolisiin addaa kun hojii isaa itti fufee jira" jedhu. Amnestiinis namoonni yakka raawwatan akka seeratti dhiyaatan ni gaafata jedhaniiru. Meejer Jeneraal Mohaammed tasammaa garuu, humni nageenyaa Federaalaa Poolisii Addaa Somaalee hiikkachiisuudhaaf karoora akka hin qabne dubbatan. "Humni addaa kun duraanuu akka hidhatuufi leenji'u kan taasise Mootummaa Federaalaadha." "Poolisiin addaa kun akka qaama nagaa uumu ta'ee itti fufu hojiin hojjetamaa jira malee isaaniin hidhaannoo hiikkachiisuu kaayyoofi karoorri hin jiru," jedhaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-45
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55745158
TPLF qabsoo hidhannoo hanga haqamuutti
Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay (ABUT/TPLF) bulchiisni mootii Hayilasillaasee kufee, sirni Dargii aangoo qabachuu hordofee A.L.I Caamsaa 11, bara 1967 qabsoo hidhannoo eegale.
Qabsoo hidhannoof ka'umsa kan ta'e immoo gartuu barattoota yunvarsiitii Finfinnee dhalattoota Tigraay ta'aniin hundeeffamedha. Jalqabbii hundeeffamaa TPLF Gurmuun barattoota Tigiraay kun siyaasa Itoophiyaa keessatti ganna 45'f gahee guddaa qabatee ture, TPLF akka hundaa'uufis bu'uura turan. Jalqaba miseensota saddeetiin kan hundaa'e yoo ta'u, sana booda hundeessitoonni kunneen sochii TPLFundeessuu keessatti qooda jabaa gumaachaniiru. Namoonni saddeettan Barrihuu Barihee ykn Dr Aragaawwi Barihee, Faantahuun Zaratsiyoon ykn Geedi'oon Zaratsiyoon, Mulugeetaa Hagoos, Ambaayyee Masfin ykn Siyyum Masfiin, Ammahaa Tsahaayyee ykn Abbaay Tsahaayyee, Iqubaazigi Bayyanaa, Alamsaggad Mangashaa fi Zarihuu Gessesee turan. Jalqabarraa qabee Dergii mormuun kan eegale gurmuun barattootaa kun, cunqursaa uummata Tigiraay irra ga'aa ture dhaabsisuuf qabsoon hidhannoofi dhaabni qabsoo kana hoogganu akka barbaachisu murteesse. Haaaluma kanaan miseensonni muraasni gartuu riphxee loltoota Eertiraa wajjin adda tokkicha ta'anii hundaa'uuf gara Eertiraa wayita deeman, kaan isaanimmoo magaalaa keessatti uummata gurmeessuu eegalan. Sana booda gartuun miseensota 11 qabu qabsoo hidhannoo eegaluuf gara gammoojji Dadabiititti qajeelan. Kaayyoo qabsoo hidhannoo TPLF Gartuun hidhate kun wayita qabsooo hidhannoo eegalu, Tigiraay Itoophiyaarraa fottoqsuun 'biyya Rippabilikaa mataashee dandeesse' hundeessuuf kan karoorfame ta'ullee, yaadichi waggaa tokko caalaa akka hin turre hundeessitoonni paartichaa ni himu. Bara 1968tti yaa'ii dhaabbatichaa yeroo jalqabaaf taa'ameerratti 'Tigiraay walaboomte' hundeessuu agandaan jedhu miseensota paartichaa hedduu biratti fudhatama waan hin arganneef kufeera. Kanarraa ka'uun kaayyoo dhaabichaarratti uummattootni cunqurfaman 'mirga hiree ofii ofiin murteeffannaatiif' kan qabsaa'aan ta'uu himaniis, paartileen TPLF mormanimmoo dhaabichi akka waan uummata Tigiraay foottoqsuuf hundaa'eetti kaasuun qeeqaa turan. Hundeeffamaa dhaabichaa fi dhimmoota keessoo dhaabichaa TPLF erga hundeeffamee waggaa tokko booda A.L.I bara 1968tti hoggantoota dhaabichaa keessatti wal qoodinsi kan mudate wayita ta'u, tateen mudate sun 'infishfish' jedhamee beekama ture. Yeroo walqoodinsi hoggansa dhaabichaa gidduutti uumame sanatti tarkaanfiin dhaabichi fudhate farra dimokiraasii ture jedhu qabsa'oonni gameeyyiin dhaabicha muraasni. Sana booda bara 1977 miseensota hoggansa dhaabichaa gidduutti garaa garummaan yeroo lammaaffaaf uumamee, hundeessitoota dhaabichaa keessaa Dr Aragaawwii Bariheefi Gidaay Zaraatsiyoon dhaabicha keessaa bahaniiru. Yeroo sanatti gamaggama gaggeeffameefi karoora waraanaa haaraa dhiyaate miseensonni dhaabichaa hedduun deeggaranis,''Wayita sana kan hundaa'e Liigiin Markiist Leeniinist Tigiraay jedhamee beekamu dhaabicha guutummaatti haa geeddarru''yaada jedhu akka dhiyeesse miseensi TPLF gameessi Obbo Gabruu Asiraat kitaaba isaanii kessatti barreessaniiru. Bara 1993 irraa eegalee TPLF amalli Koministii qabaachaa ture kan geeddarame fakkaatullee, keessoo dhaabichaa fi caasaan isaa otoo hin geeddatamiin 'Dimookirasii warraaqsaa' bifa fakkaatu qabaachaa hanga xumuraatti itti fufuu dubbatan. Warraaqsa Chaayinaafi Raashiyaa dinqisiifaa kan ture TPLF, akka qajeelfamaatti Kominizimii biyya Awurooppaatti argamtu, Albaaniyaa hordofaa ture. TPLF aangoo biyyattii olaanaarra yeroo turetti, Eertiraa wajjiin lola daangaarratti gaggeeffame booda, bara 1993 yeroo sadaffaaf hoggantootasaa gidduutti walqoodinsi uumame. Wal qoodinsi kun yeroo uumametti gartuun Ministira Muummee duraanii Obbo Mallas Zeenaawwiin durfamu olaantummaa fudhachuun, dhaabicha keessatti qondaalota dhaga'amummaa guddaa qaban dhaabicha keessaa ariyataniiru. Sababii kanaan muraasni isaanii malaammaltummaan himatamanii hidhamanii turan. Sana booda gartuun Obbo Mallas Zeenaawwiidhaan durfamu aangoo dhaabaa fi mootummaa olaanaatummaan addatti dhuunfachuu danda'eera. TPLF akkamiin walitti bu'iinsa furaa ture? TPLF ganna 17'f qabsoo hidhannoo yeroo gaggeessetti mootummaa qofaan falmaa ture osoo hin taane paartilee mormitoota waliinis waldhabbii keessa seenaa ture. Dabalataan, paartii maqaa uummata Tigiraayiin gurmaa'ee keessaa tokkoo 'Ginbaar Gadil Arinnat Tigiraay' hoggantoonnisaa dabaan ajjeefamuun, qabsoonn dhaabichaa guutummaatti dhabamuu himeera. Haata'u malee, mootummaa Dargii wajjin lolli hammaatee, naannoo Tigraayirra darbuun kutaalee biyyatti kaanitti wayita ce'e, hawaasa naannoo bakka bu'uu danda'u dhaabota jedhaman hammachuufi hundeessuu keessatti TPLF qooda olaanaa gumaache. Kana hordofuun Paartii Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa, Dhaabbata Dimookiratawaa Uummata Oromoo(DHDUO) fi Adda Warraaqsa Uummattoota Kibba Itoophiyaa wajjiin walitti fiduun adda tokkicha ADWUI uuman. Dhaabni TPLF olaantummaan hogganaan turuun kan himamu ADWUI'n mootummaa Dargii aangoorraa erga buusee, mootummaa ce'uumsaa bara 1987 hundeessuun heerri baase hojiirra oolun isaa wal falmisiisaa ta'ullee, saboota biyyattiif beekamtii kenneera. Gama biraatiin, sirnichi tokkummaa biyyattii laaffise jedhanii kanneen komatanillee jiru. Erga Ministirrii Muummee Abiyi Ahimad aangoo qabatanii booda ammoo addicha keessatti dhibdeen waggootaaf ture daranuu hundee jabeeffataa adeeme. Miseensotni ADWUI dhaabicha fi biyyattii keessatti tarkaanfii jijjiramaa fudhachuu wayita eegalaniifi mallattoon dhaabichaa wayita dhiifamu TPLF fudhachuu hin dandeenye. Jijjiramoonni adeemsifaman bal'ataa wayita adeeman, TPLF immoo komii dhiyeeffachuu itti fufe. Xumurarratti, adda dhaabota biyyaaleessaa afur kan ture ADWUI'n hafee paartii Badhaadhinaatiin wayita bakka buufamu, TPLF Paartii Badhaadhinaatti dabalamuuf murteessuu caala'' walitti baquun isaanii seera qabeessa hin turre''jechuun morme. TPLF Itoophiyaa keessatti akkamitti ilaalama? Cuqursaan Itoophiyaa keessa tureera jedhanii lammileen amanan TPLF erga aangoo qabatee sirni federaalizimii ijaarameefi heerri tumame beekamtii akka argannu taasisera jedhani amanu. Hawaasni biyyattii heera biyyattirratti beekamtii argatanis qabatamaan hojiitti hiikamurratti rakkina qaba jedhanii qeequ. TPLF mootummaa Dargii kuffisuun ganna 30tti dhiyaatuuf bara aangoorra turetti sarbamiinsa mirga namomaa cimaa qaqqabsiisuun qeeqama. Mormitoonni kaan immoo, Ertiraan bilisummaa erga gonfatte Itoophiyaan buufata dooonii dhabde jedhanii qeeqa dhiyeessanis hin dhabamne. Mootummaan TPLF oolantummaan hogganu ganna 30ffaa gara xumuraarratti guddina dinagdee guddaa galmeessisuu dhaabbilee idila addunyaa irra deddeebiin ragaa bahaniis, malaammaltummaa, sarbamiinsi mirgoota namoomaa biyyatti keessatti hamaa ture. TPLF eenyu fa'aatu hoggane? Addi Bilisa Baasaa Uuumata Tigiraay erga hundaa'ee booda waggaa tokkoof Gassasaa Ayyale namni jedhaman hooggananiiru. Sana booda Obbo Sibihaat Naggaa bara 1971-1981tti dura ta'aa dhaabichaa ta'uun hogganan. Itti aansuun Minstirri Muummee duraanii Mallas Zeenaawwii bara 1981 eegalee amma lubbuun darbanitti ganna 20 oliif hogganan. Ministirri Muummee Mallas Zeenaawwii A.L.I bara 2004 kan du'an yoo ta'u, ergasii booda Obbo Abbaay Walduu dhaabicha hoggaanuu eegalan. Yaa'ii dhaabichaa 13ffaarratti garuu Obbo Abbaay naannichatti 'kan karoorsan caala kan balleessantu caala'jedhamuun aangoorraa buufamanii, Debretsiyoon Gebremikaayiliin(PhD) bakka buufaman. Xumurarratti, dhaabni Dr Debretsiyoon hoggannan TPLF dhaga'amtii akka biyyaatti qabu dhabee, naannoo Tigiraay qofaatti daangeeffamee hafe. TPLF fi Paartilee naannoolee biroo ALI Hagayya, bara 2012 atakaroon mootummaa naannoo Tigaayi bulchu TPLF fi mootummaa federaalaa giddutti sadarkaa olaanaarra yeroo qaqqabe ture. Paartileen naannoo Tigraay keessa socho'an muraasni Tigiraay bilisummaa gonfachuun biyya ta'uu qabdi jedhanii fedha qaban jiraatanis, harki caalaan paartilee garuu 'TPLF jalqabarra qabee dhaaba saba bu'uura godhate mitii' jedhanii komachutu himama. Paartiin Asinbaa haaraa hundaa'e filannoorratti TPLF morkachuuf kan dhiyaate yoo ta'u, Arannaa Tigraay filannichaarratti hirmaachisuu dide. Gama biraatiin, hogganaa TPLF kan turan Dr Aragaawwii Barihee paartiin hogganaa jiran 'Tigiraay dimokiraasawwii Tibibbir' paartiin jedhamu tarkaanfii waraana dhiyeenya kana TPLF irratti fudhame deeggare jira. Qormaata TPLF Jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufe kan MM Abiy Ahmad hooggan booda olaantummaa duraan qabaachaa ture kan dhabe TPLF hooggantootasaa gameeyyii guurratee gara Maqaleetti godaane. Erga TPLF humnasaa guutummaatti gara Tigraayitti gurmeessee naannocha hoogganuu eegalee hariiroon mootummaa giddu-galeessaa waliin qabu laaffachuurra darbee gara walhadhuutti seenuutu dhufe. Keessattuu filannoo mootummaan federaalaa sodaa weerara koronaavaayirasiif jecha yeroo dhibiitti dabarse naannoon Tigraay erga filatee booda walqoollifannaa fi qoccolloon qaamolee lameenii daranuu hammaate. Mootummaan federaalaa filannoon Tigraay bu'uura seeraa waan hin qabneef fudhatama hin qabu, mootummaan hundaa'us seeraan ala jedhee irratti murteesse, TPLF ammoo mootummaan federaalaa faallaa heera mootummaa deemuun filannoo hambise jechuun qeeqasaa itti fufe. Filannoo Naannoon Tigraay gaggeesseen TPLF olaantummaan injifatee naannochi mootummaa haaraa mataasaa hundeeffachuu danda'us, wayita kana hariiroon mootummaa federaalaa waliin qabu adda cituun baajati sadarkaa naannootti osoo hin taane sadarkaa aanaalee fi sanaa gadiitti akka ramadamu mootummaan federaalaa murteesse. TPLF waggoota lamaan darban keessatti humna addaa fi hidhattoota naannochaa bal'inaan leenjisaa ture , agarsiisa waraanaa garaagaraa akka mul'isan irra deddeebiin gochaa ture. Agarsiisa waraanaa kana mootummaan federaalaas raawwachuu hin dhiisne. Dhumarrattis humnoonni TPLF buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaaba Itoophiyaa keessatti argamu tasa haleeluun mootummaan federaalaas tarkaanfii waraanaa fudhachuu eegale. Torban sadi keessatti TPLF maandheesaa kan taate Magaalaa Maqalee gadi dhiise godaane. Sababa lola naannoo Tigraay keessatti mudateen paartiin waggaa 27 olaantummaan Itoophiyaa bulchaa turee fi waggoota sadan darbaniif ammoo Tigraay addatti fooyachuun hoogganaa ture akka malee miidhameera. Qondaaltota olaanoo dhaabichaarraa hanga miseensa waraanaatti lubbuun namoota hedduu galafatameera. Namoota ajaji mana murtii irratti ba'e hedduu keessaa kaan to'atamanii kaanis harka kennatanii jiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessaas dhaaba TPLF haqee jira.
GEM-xlsum_oromo-train-46
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49175017
Duuti godaantotaa hojiin UN Liibiyaa jiru laafuusaa mul'ise
Waggaa lama keessatti yaalii sodaachisaa biyyoota sadii keessa qaxxaamuruuf taasisee fi namoota godaantota seeraan ala daddabarsaniin bitamee gurguramee, akkasumas galaana Meditiraaniyaanii gubbaattii balaa bidiruu isaanii mudate erga dandamateen booda dhumarratti Mohaammad abdii kute.
Haadha warraa lammii Somaalee kanaa kan taate, shamarreen ganna 21 Leylaan, guyyaa abbaan warraa ishee ibidda ofitti qabsiisee of ajjeese ni yaadatti. Mohaammad tarree baqattootaa Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii galmeessee harkaa qabu keessa maqaan isaanii akka hin jirre dhagahuutu ofirratti akka murteessu godhe. (maqaan namoota lamaanii nageenya isaaniif jecha jijjiirameera) Buufata baqattootaa harka milishoota mootummaa Liibiyaa deeggaran keessa jiru,Triq al-Sikka jedhamurraa gara bakka UN deeggarsa namoomaa kennuutti dabarfamuutti turan. ''Itti aanee namoota bakka sana gadhiisan keessa akka jirru nutti himamee ture. Tartiibni maqaa haaraan dhufnaan mohammad dhaqii ilaali naan jedhe. Maqaan keenya keessa hin turre. Ammaas isa itti aanutti dabarfamne jedheen itti hime. ''Namoonni hedduun nu booda dhufan deemaniiru. Mohaammad baayyee aareera, bitaas itti galeera. Salaatni galgalaa gahuuf yoo jedhu dha wantichi kan ta'e. Ibidda ofitti qabsiise. boba'aa ofitti naqe ibidda ofitti qabsiisuu isaa natti himan.'' 'Bakkicha gadhiisuuf sagantaan bahee ture' Lixa Liibiyaattiitti buufataale baqattootaa mootummaan to'ataman 12 keessa tokko kan ta'e buufatni kun bakka hedduu rakkisaa akka ta'e Leeylaan ni dubbatti. ''Mana dhiphoo keessatti dubartoota biroo 50 waliin jiraanna, konteenarri akka mana fincaaniitti tajaajiltus jirti'' ''Nyaata xiqqoo arganna, bishaan gahaan hin jiru. Namoonni hedduun daranyoo sombaan dhibamu, kan harka koorratti lubbuun darbes jiru. na reebu ture, elektirikiin nu dararaa turan'' jechuun Leeylaan gaazexessituu BBC kan gaanfa Afrikaatti himteetti. Abbaan Warraa ishee Mohaammad, Mana yaalaa erga gahee lubbuun darbe. Guyyaa Mohaammada ibiddaan of ajjeese qondaalli UN tokko buufaticha daawwatee ture jedha Komishinii Olaanaa Baqattootaa dhaabbatichaa. ''Baqataa of ajjeesee fi haatiii warraa isaa ji'a itti aanuu bakka kanaa baahuuf sagantaan qabameefi tures'' jedha UN. Haalli hojii dhaabbatichaa du'aatii fi dararaa akkasiif sabab ta'aa jira jechuun qeeqa irratti ka'uu, haala hammaataa jiru sirreessuuf hojjechaan jira jechuun fashaleessa. Haata'u malee hojjettootni gargaarsaa kanatti walii hin galan, kanarraa kan ka'ees gareeleen gargaarsa namoomaa kennan lama, UNHCR waliin hojjechuu dhaabaniiru. Mohaammad fa'a akkamiin biyya isaanii bahan? Cimdiiwwan kun bara 2016 al- Shabaab jalaa baqatanii, harka daddabaristoota seeraan alaa Liibiyaa bu'an. Banii Waliiditti walitti dhukaasa daddabarsitootaa gidduutti mudate jalaa bahanii Lixa Liibiyaa gahan. Achiis miliqanii baqattoota biroo 140 waliin bidiruun galaana meditiraaniyaanii qaxxaamuruuf yaalan. Bidiruun kun boba'aa fixxee, to'annoo eegdota qarqara galaanaa jala galan. Achiis humnaan gara Triipolii fidamanii, hojjetoota UN wiiln walarganii, boodas gara buufataale baqattootaatti dabarfaman. Ittigaafatama baqattoota kunuunsu kan qabu UNHCR, eegdota daangaa qarqara galaana Liibiyaa waliin hejjechuu isaaf hojjetoota deeggarsa namoomaa kennaniin ni qeeqama. Eegdotni kun wayita lubbuu baraaran sarbama mirgoota namoomaa raawwatu jedhamuun himatamu. Yeroo ammaa godaantotni 800,000 fi baqattootni galmaahanii kooluugaltummaa gaafatan 50,000 ta'an Liibiyaa keessatti argamu. Ji'oota jalqabaa sadii bara kanatti baqattootnii fi godaantotni 15,900 galaana meditiraaniyaanii qaxxaamuruun Awrooppaa gahaniiru. Yeroo wal fakkaataa bara 2018 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu 17% hiri'iseera. Dhaabbata ''gahuumsa hin qabne'' UN fi dhaabbileen miti mootummaa biroon Liibiyaan bakka hojiif rakkistuu taate dha yoo jedhan, UNHCR ammoo mootummaa Liibiyaarraa beekamtii hin qabu. Ragaaleen icitaawooniifi gabaasaleen hin maxxanfamne harka BBC galan, deeggarsa namoomaa kennuu fi keesumaa dhaabbilee miti mootummaa waliin hojechuurratti hojmaatni dhaabbatichaa dhibaa ta'u mul'isu. ''Gahuumsa dhabuu hanga kanaa argee hin beeku,'' jedhu Liibiyaa keessatti hojjetaa gargaarsa namoomaa kan ta'anii fi namni UNHCR waliin dhiyeenyatti hojjetaa turan tokko. Erga bara 2014 Gamtaan Awrooppaa Liibiyaa keessatti godaantota akka Leeylaa fi Mohaammad gargaaruuf projeetii ooluuf karaa UN fi dhaabbilee miti mootummaa biroo doolaara miiliyoona 377 kenneera. Odiitiin UNHCR kan ji'a shan dura bahe akka ibsuutii maallaqni seeraan to'atamaa akka hin turre mul'isa. Mallaqnii hangamii akka barbaachisuu fi waan jedhameef ooluufi dhiisuu hordofuurrattis dhaabbatichi hanqina qaba. Bara 2018 irraa qabee arjoomtotni dhaabbatichaarratti hanqinoonni hojmaataa mudachuu beekisfamaniiru. Ergaan email ji'a darbe diploomaatotaa fi aangawoota Gamtaa Awrooppaaf ergamee, BBC'n argachuu danda'e tokko buufata godaantootaa Khoms jedhamutti haalli qabinsaa jiru daran hammaachuu, sarbamni mirga namoomaa heddumachuu, godaantootni badaa jiraachufi rakkoolee kaaniis ni eera. Amma International Medical Corps fi dhaabbatni miti mootummaa biyya alaa biroon UNHCR fi IOM deebii kennuu diduu isaaniirraa kan ka'e hojii qaamolee kana lamaan waliin hojjetan addaan kutaniiru. Godaantotni hedduun UNHCR deeggarsa fi hordoffii isaanii gochuu dhabuun biyya dhalootaa isaanittis deebi'uuf ykan gara biyya sadaffaatti ce'uuf danqamanii dararaa argaa akka jiran himu. Abbaa Warraa ishee haala sukkaneessan kan dhabde Leeylaan amma buufata Mohaammad itti of ajjeese keessa gara kaampii UNHCR Nijeer jiruutti dabarfamteetti. Somaaliyaatti deebi'uun ''murtee du'aa fudhachuudha'' kan jettu Leeylaan, waayeen hegeeree ishee akkuma bitaa isheetti galetti jirti.
GEM-xlsum_oromo-train-47
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48291936
Pitar Mutaarikaa: 'Kun nama du'e isinitti fakkaataa?'
Hoggantoonni biyyootaa Afrikaa yeroo garaa garaa dhukkubsataniiru, du'aniiru ykn erga agarree turre jedhuun lammiileen miidiyaa hawaasummaa gubbaa irratti ijoo dubbii godhatu. Kan Maalaawwiitti mudates akkana.
Duula irratti pirezidantiin Maalaawii Pitar Mutaarikaa waa'ee du'u isaanii namoonni haasa'aa turan irratti deebii kennaniiru. Guyyaa kaleessaa, Roobii, giddu gala Maalaawwiitti namoota du'u isaanii miidiyaa hawaasummaa gubbaa isa haasa'aan dubbiin xuqaniiru. ''Kun nama du'e isinitti fakkaataa?'' jechuun deeggartoota isaanii konkolaataa poolisii gubbaa dhaabachuun gaafataniiru. Lammiileen Maalaawii gaafa Kibxataa filannoo ni taasisu. Torban darbe duula na filadhaa bulchaan biyyasii bakkeewwan garaa garaa biyyaattiitti tasisuu qaban tasa waan adda citef dubbiin du'aniiru ta'a jedhu tamsa'e. Gaafa Roobii garuu namoonni dhibba hedduu ta'an yeroo pirezidantichi yeroo lammaffaaf biyya bulchuuf duula na filadhaa taasisan Saalimaatti arganiiru. Duula irratti hiyyummaa xiqqeessuufi manneen barnootaa hedduu ijaarsisuuf waadaa seenaniiru. Obbo Mutaarikaan bara 2014 aangootti kan dhufan yoo ta'u pirezidantii itti -aanaa biyyattii Saawuloos Chilimaa fi Laazaarus Chaakweraa jedhaman irraa morkiin cimaan isaan eeggata.
GEM-xlsum_oromo-train-48
https://www.bbc.com/afaanoromoo/45833105
Loltoonni gara masaraa mootummaa imalan dhiifama gaafatan
Miseensonni humna addaa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa roobii darbe gara masaraa mootummaatti imalanii MM Abiy Ahimadiif gaaffii dabalii mindaa dhiyeessan mootummaafi uummata Itoophiyaa dhiifama gaafatan.
Miseensonni humna addaa raayyaa ittisa biyyaa Dr. Abiy Ahimed waliin mari'atan. Akka gabaasni EBC jedhutti loltoonni kunneen dhiifama kan gaafatan wayita hogganoota olaanoo raayyaa ittisa biyyaa waliin erga mari'atanii booda. Akkaataan itti gara masaraa mootummaa deeman hojimaata dhaabichaa kan eege waan hin taaneefi kan dhiifama gaafatan. Balleessaa isaaniif uummata kiisuuf jabaatanii akka hojjetan waadaa galaniiru jedhame. Gaaffiin miseensonni raayyaa ittisa biyyaa qaban akkamiin furamuu akka danda'u irrattis mari'ataniiru jedha Gabaasni EBC.
GEM-xlsum_oromo-train-49
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44169371
Misiriin daangaa Gaazaa soomaafi bante
Pireezidantiin Misirii Abdul Fattah al-Sisi daangaa Gaazaa bana jedhee murteesse akka warri Paalestaayin jiha soomaa kana gama Misiriii muruu danda'u.
Nami hedduun mormii embasi Ameerkaa ta Jerusalemitti dhabaniifi du'e Tuni murtii yeroo baay'ee hin mul'anne. Akka Sisiin jedhuutti, seerri kuni rakkoo uummatii Gaazaa keessa jiru laaffisa. Dangaan Rafah balbala tokkotti Gaazaan addunyaatti ba'u dandeettuun ta Isra'eeliin hin to'anne, ammoo eegii ganna 2013 cufa qabdi waan nagaa dhabiisa lafa gula. Misiriin daangaa tana yeroo tokko tokko banti, ammoo tuni marroo qaraa ta isiin guyyaa hedduu banaa dhiifte. Torban kana, Isra'eeliin nama 60 ka paaleestaayin ijjeefte, walumatti torban jaha keessa nama 100tti ibiddaa Isra'eeliitiin du'e jedhan.
GEM-xlsum_oromo-train-50
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52933383
Joorji Filooyid: Lammii Ameerikaa poolisii adiin ajjeefameef geggeessaan ho'aa taasifame
Lammii Ameerikaa gur'acha, Joorji Filooyid poolisii adiitiin ajjeefame haala baayyee ho'aa ta'een gaggeessaan taasifameeraaf. Sina gaggeessaa Joorji Filyood kana irratti namoonni bebbeekamuu hedduun argamuun haasawaa farra jibbinsaa irratti taasisaniiru.
Sirni geggeessaa kun kan jalqabaa yoo ta'u magaalota gargaraattis itti fufa Abukaatoon maatii Joorji Filooyid sagantaa sanarratti ‘‘Maamila koo du’aaf kansaaxile weerara koroonaavaayirasiidha jedhu, nama kana kan ajjeese garuu weerara jibba sanyii akka ta’e eenyu itti haa himu?’’ jechuun imimmaaniin guutamee dubbate. Geggeessa kanarratti namoonni argaman hunduu ka’anii daqiiqaa 8’f sekondii 46’f akka dhaabbatanii callisaan kadhatan kan taasifame yoo ta’u, kunis poolisiin Joorjiin ajjeese Deereek hanga hafuurrisaa cittutti dheerina yeroo inni mormasarra itti jilbeenfate yaadachuufi jedhameera. Seenaan jireenyaa Joorji falmataa mirgota namoomaa beekamaa Reev Al Shaarpan’n dubbifamee jira. Al Shaarpan haasawa taasisaniin: ‘‘Guutuu Ameerikaa keessa kan jirtan obboloonni koo gurraachi, amma yeroon yeroo mormakoorraa jilba kee kaasi itti jennu dha’’ jedhaniiru. Battalli dhumaa Joorji Filooyid lubbuun turuuf falmii itti taasise viidiyoodhaan erga miidiyaa hawaasaarra ba’ee boda, mormiiwwan magaalota Ameerikaa hedduu raasaa turan. Covid-19’s ta’e dhorkiin sa’aa darbaa mormiiwwan kunneen qabbaneessuu hin dandeenye. Kun akkaumaan osoo jiruu, poolisoonni sadeen Joorji wayita ajjeefamu omaa hin goone jedhaman mana murtii dhiyeenya bakka sagantan geggeessaa taasifamutti himatamanii abbaa murtii dura turan. Doolaara miiliyoona tokko dhiyeessinaan mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf yookaan ammoo meeshaa waraanaa yoo hiikkataniifi haal-dureewwan biroo yoo guutan doolaara kuma 750’tti akka gadi buuuf itti himamee jira. Morma Joorjirra dhaabbachuun lubbuun akka darbu taasiseera kan jedhame Deereek Chooviin, Wiixata dhufu mana murtii dhiyaata jedhamee eegama. Sagantaa geggeessaa kanarratti maatii Joorji dabalatee, falmatan mirga namoomaa Jeesee Liwiis Jaaksan, bulchaan Miinesootaa Tiim Waaz, kantiibaan Miniyaapooliis Jaakoob Fireey fi kan biroon argamaniiru. Poolisoonni sadeen dhaabbatanii ilaalaa turan mana murtii dhiyaataniiru Obboleessi isaa Filoonaayiz Filooyid haalli guddina isaanii akkam akka ture haasawa taasiseen yaadachiiseera. ‘‘Harka qalleeyyii ta’uu keenyarraan kan ka’e, huccuu keenya harkaan miiccinee ho’a abiddaatiin gogsina ture,’’ jechuun haasaa imimmaaniin guutame kan godhe. Obboleessikoo jireenyisaa osoo hin ho’in du’a booda akkas midhaaguun nama dhibas jedhe. Al Shaarpan, falmataan mirga namoomaa gamasaatiin, du’aatii Joorjiif kan itti gaafatamu jiraachuu qaba jechuun akeekkachiiseera. Sirni haqaa hanga sirraatee wal-qixxummaan sirriitti mul’atutti mormiin akka itti fufus eeree jira. "Lubbuun Joorji lubbuu gurraachota hundaa bakka bu’a, jireenyi isaas duuti isaas jiruufi du’a gurraachota hundaati’’ jedheera. "Wanti isarra ga’e kanuma hunda keenyarra ga’a jiru dha. Barnootaan, fayyaadhaan, haqa dhabuun kan miidhame Joorji qofa miti. Jireenya keenyasi. Amma yeroon, yaa adii nana jilbakee mormakoorraa kaasi yeroo itti jennu dha.’’ Jechuuni kan dubbate. Sirni geggeessaa Joorjiif taasifamu, Sanbata Xiqqaa bakka dhalootasaa Kaaba Kaarolaayinaatti, bakka guddinasaa Hiiwustanitti ammoo Wiixata kan itti fufu ta’a.
GEM-xlsum_oromo-train-51
https://www.bbc.com/afaanoromoo/44722376
''Humni Ittisaa iddoo dahannoo ADWUI isa dhumaatii?''
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmad dameen tikaa fi humna waraanaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti akkaataa heera mootummaarra taa'een ummata tajaajiluu mannaa aantummaa paartii siyaasaatiin qabameera, ergamasaas haalaan ba'achaa akka hin turre marii paarlaamaa yeroo darbeerratti wayita haasawa taasisan ibasanii turan.
Ejjennoon dameewwan kunneenii kan mootummaa fi paartii siyaasaa dhufee darbu waliin jijjiiramu osoo hin taane aantummaansaanii kan ummataa fi biyyaa akka ta'uuf jijjiiramni bu'uuraa akka barbaachisu eeraniiru. Kana hordofuun Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa waliigalaa biyyattii Jeneraal Saamooraa Yuunus, Jeneraal Sa'are Makonniniin akkasumas Daayirekatara Olaanaa Ejensii Odeeffannoo nageenyaa INSA duraanii Obbo Geetaachoo Asaffaa, Jeneraal Adam Mohammadiin bakka buufamuunsaanii dameewwan kunniin keessatti jijjiirama hedameef akka jalqabbii tokkootti fudahatamuu mala. Jijjiirama bu'uuraa wayita jedhamu gaaffilee jalqabarratti ka'an keessaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti dame waraanaa fi basaasaa aantummaa paartii biyya bulchuu keessatti hundee jabeeffate akkamiin toora kana keessaa baasuun danda'ama kan jedhuudha. ''Humni Ittisaa iddoo dahannoo ADWUI isa dhumaatii?'' Ajajaa Humna Qilleensaa duraanii kan turan Meejara Generaal Abebe Taklahaymaanot, dameen humna ittisaa fooyya'aa akka qabu xalayaa ministira Muummee Duraanii Hailemaariyaam desaaleyniif barreessaniin ibsanii turan. Paartii ADWUIf dahannoodha kan jedhamuun beekamu humni ittisaa fi basaasaa jijjiirma bu'uuraa barbaachisa ejjennoo jedhu har'as qabu. Jijjiiramni barbaachisaan maalirraa eegalamuu qaba, galmisaawoo maal ta'uu qaba kan jedhurrattis yaada qabu. ''Humni ittisaa dahannoo Adwui isa dhumaa ta'eera. Hojimaata faallaa heera mootummaa qabaachaa turan.'' jechuudhaan hoogansi humna ittisaa tokko tokko siyaasa keessattillee qooda fudhachaa akka turan ibsu. ''Imaammanni Tikaa fi Waraanaa erga hundeeffamee waggoota digdamaa ol lakkoofsise kun irra deebiin ilaalamee fooyya'uu qaba. Erga ba'ee hin fooyyofne waan ta'eef rakkoo uumaa tureera seerri kun. Dameen tikaa fi waraanaa bifa haaraatiin hundeeffamuu qaba'' jedhan. Adeemsa jiiramaa kana keessatti ilaalchi jibbiinsaa fi gosummaa akkasumsa warri jiijjiirama deggeranii fi gufuu jijjiiramaa ta'an wal makuu malu kan jedhan Meejer Generaal Abebeen kallattii ni baasa jedhanis akeekaniiru. Yakka yaalii fonqolcha mootumaatiin himatamanii mana hidhaa kan turanii fi dhiyeenya kana kan gadi dhiifaman akkasumas sadarkaan isaanii irraa haqamee ture akka deebi'uuf Ministira Muummee Abiy Ahmadiin kan murtaa'eef Birgaader Generaal Asaamminoo Tshiggee waa'ee fooyya'iinsa damee humna ittisaa wayitan yaadu rakkoon jiru waan waraqaarra taa'etu hojiitti hiikamaa hin jiruu jedhu. ''Wanti barreeffamee jiru rakkoo hin qabu. Hojiirra oolchuurratti garuu rakkootu ture. Caasaan waraanaa gubbaadhaa hanga gajjallaatti heera mootummaaf waardiyyaa dhaabbachuu qaba. Biyyaaf malee paartiif hojjechuu hin qaban'' jedhan. Akka jalqabbii fooyya'iinsaatti kan fudhatamu muudamoonni dhiyeenya raawwataman keessattis rakkoowwan duraan turan mul'achuu eegalaniiru jedhu Birgaader Generaal Asaamminoon. Waa'een damee Humna Ittisaa keessatti fooyya'iinsa bu'uuraa fiduu wayita ka'u rakkoon guddaan eenyutu dame kana bulchaa kan jedhuudha. Meejara Generaal Adam Ahmad Aangoo Daayirktara Ejensii Basaa fi Odeeffannoo Obbo Geetaachoo Aseffararaati kan fudhatan. Obbo Geetaachoon nama yeroo dheeraaf dame basaasaa fi nageenyaa olaantummaan hooggnaniidha, waa'eensaanii ifaan ifatti waanti ummataaf beekamu hin jiru. Dabalataan Dr. Abiy Ahmed Generaal Sa'are Makonnin nama wagoota dheeraaf humna ittisaa biyyattii bulchaa turan Itaamaajoor Shuumii Humna waraanaa biyyattii Generaal saamooraa Yuunus akka bakka bu'anii hojjetan muudaniiru. Gama biraan Ministirri Muummee nama Kanaan dura gonfoosaanii irraa ka'ee raayyaa ittisa biyyaa keessaa geggeeffaman Meejara Generaal Alamishet Daggifee fi Birgaader Generaal Asaamminoo Tsiggee ga'eesaan biyyattii keessatti gumaachan ilaaluun beekamtii kennaniifii gonfoosaanii akka deebiuufi faayidaan sooramaa isaanii guutummatti akka kabajamuuf Hoogganaan Waajjira Ministira Muummee Obbo Fitsum Areggaa ibsaniiru. Luetenant Generaal Baacaa Dabalee maal jedhu? Lieutenant Generaal Baacaa Dabalee Waraana lafoo keessa kan turan Leutenant Genaraal Baacaa Dabalee sababa aangoo waldhaaluutiin nama biraadhaan akka bakka buusaman kan dubbatan, damee tikaa fi waraanaa keessatti wanti fooyya'uu qabu ''Caasaan waraanaa biyyaa fi ummata malee, paartii yookiin mootummaa dhufee darbuuf aantomuun irra hin jiraatu'' jedhu. ''Paartii hunda keessatti hirmaatee ummata walqixa tajaajiluu waan hin dandeenyeef humni waraanaa fi tikaa walaba ta'uu qaba. Heerri mootummaas akkas jedha. Caasaan tikaa fi waraanaa paartii kamiinuu bakka bu'ee leellisuu hin qabu, ummataafi biyyaaf dhaabbachuu qabu. Kanaan dura heerri biyyattii cabeera, heera biyattii kabajuu fi kabachiisuu jechuudha jijjiirama jechuun.'' ''Nama jijjiiruun furmaata waaraa miti'' Jijjiiramni ni eegalame malee ni hafa kan jedhan Luetenant General Baacaa Dabalee kan amma geggeeffamaa jiru jijjiirraa namaati malee,jijjiiramni barbaadamu isa kana miti jedhu,''Ammoo namoota turan kaastee nama bira bakka buusuun tarkaanfii guddaadha, Ministirri Muummee tarkaanfii jajjabeessaa fudhataniiru. Jijjiirama fiduudhaaf dhagaa bu'uuraa kaa'eera'' jedhan. Jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti qabatamaan mul'achaa jiru ni ta'a jedhee kan eege hin jiru kan jedhan Luetenant Generaal Baacaa Dabalee, dameen Tikaa fi Waaanaas akka fooyya'u abdiin qaba jedhan. ''Namni hunduu haala kanaan biyyasaatti deebi'ee, mana hidhaatii gadi dhiifamee, namni hunduu akka lammii biyya kanaatti walabummaadhaan socho'aa jedhee namni yeroo gabaabaa keessatti eege hin jiru. Kanaaf humna tikaa fi waraanaa keessattis jijjiirama bu'uuraa fiduun yoo jabaatellee akka danda'amu agarsiistuuwwan jiru.'' Karaa humna ittisaatiin ilaalchi jiru jijjiiramuu qaba kan jedhan Luetenant Generaal Baacaa Dabalee'' Dhaaba jechuun ummata miti, ummata jechuunis dhaaba miti, kanaaf qaamoleen tikaa fi waraanaa kana hubachuu qabuu'' jedhan. Ammallee taanaan humna tikaa fi waraanaa kana kan dursu Hoji raawwachiiftuu mootummaa waan ta'eef akkam ta'ee dameen kun bilisa ta'ee hojjeta kan jedhurrattis ammallee hojjetamuu qaba jedhan. Kana waan ta'eef reform ykn fooyya'iinsa bu'uurarraa fiduu yoo jedhamu dhimmoota akkasiifaa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa jedhan. Rifoormiin dhufnaan gubbaadhaa hanga godaatti ta'uu qaba. Walakkaan jijjiiramee kaan hin jijjiiramu taanaan fardaa fi booyyee walitti ta'a, kunimmoo jijjiirama ykn fooyya'iinsa hin jedhamu, kanaafuu guutummaatti jijjiiruu barbaachisa, mootummaanis hojii gama kanaan eegale cimsuu qaba.
GEM-xlsum_oromo-train-52
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50970160
Qondaalli mootummaa Benishaangul 'hidhattootaan' ajjeefaman
Minseensi mana mareefi walitti qabaan koree dhaabbii damee diinagdee Naannoo Benishaangul Gumuz har'a (Kamisa) ganama dhimma hojiitiif Asoosaarraa gara Naqamtee osoo imalaa jiranuu humnoota hidhataniin ajjeefamuu Itti-gaafatamaan Dhimmoota Kominikeeshinii Naannichaa BBC'tti himan.
Qondaalli mootummaa ajjeefaman kun Obbo Abdullaahi Soojaar akka jedhaman Ittigaafatamaa Waajjira Dhimmoota Kominikeshinii Naannoo Beneshaangul Gumuz Obbo Mallasaa Bayyanaa mirkaneessaniiru. Haleellaan ajjeechaa kunis ganama keessaa naannoo sa'aatii 1:30 irratti raawwatamuu kan himan, Itti-gaafatamaan kun, iddoonsaa akkuma laga Daabbuus cee'ameen bakka Beenguwaa jedhamuutti jedhaniiru. Qondaala ajjeefamaniin alattis dubartiifi dhiira konkolaataa keessa turan kan biraa irras miidhaan qaqqabusaa kan himan Obbo Mallasaan, isaaniis ammaaf wal'aansa argataa jiraachuusaanii himan. Kana malees dhiheenya kana Itti-gaafatamaan poolisii tokkoos hidhattootaan ajjeefamuu isaanii ibsanii, daandii sanarra waggoota darbaniif sodaan olaanaa akka ture dubbatu. "Gochii amma raawwatame kunis kan ummattoota naannoolee lamaanii bakka hin buneedha. Naannolee Oromiyaafi Benishaangul hojii nageenyaafi misoomaa waliin eegalan cimsanii itti fufuu,'' jechuunis fuula koominikeeshinii naannichaarratti ergaa dhaamaniiru jedhan Obbo Mallasaan. Gama Lixa Oromiyaa bakka garaa garaatti waggaa tokko darbe keessa ajjeechaa aangawoota mootummaa irratti xiyyeeffachuun raawwatan yeroo garaa garaatti gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
GEM-xlsum_oromo-train-53
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54199175
Koronaavaayirasi: Qorannoon qoricha Covid-19 Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru maaliirra gahe?
Inistitiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa qorichawwan aadaa dhibee Covid-19 ni fayyisu jedhamanii beektota qoricha aadaatin dhiyaateef shan qorachaa akka jiru dhaabbatichatti Daayrektarri itti-aanaan Qorannoo Qoricha Ammayyaafi Aadaa Obbo Warquu Gammachuu BBCti himaniiru.
Ji'oota muraasa dura Waldaan Beektota Qoricha Aadaa Itoophiyaa qorichawwan Covid-19 fayyisuu danda'u jedhe 50 ta'an akka ilaallamaniif Inistitiyuutichaaf dhiyeessee ture. "Haata'u malee, humna namaafi meeshaalee qabnurraa ka'uun qorichawwan aadaa shan qofa qorannoof fudhanne," jedhan Obbo Warquu Gammachuu. Qorichawwan ogeeyyiin qoricha aadaa fidan shan kunneen waliigalatti gosoota biqilootaa 30 ol ta'an of keessaa kan qaban yemmuu ta'u, Institiyuutichis jalqaba hojii biqiloota kunneen adda baasuu hojjechuu isaa himan. Kana malees, biqilootni kunneen faayyidaa akkamiif tajaajilarra akka oolan, soorata namaaf ni oolumoo hin oolan kan jedhu, kemikaalota keessatti argamaniifi faca'iinsa akka addunyaatti qabanis qoratamuu isaa Obbo Warquun BBCti himaniiru. Qorichawwan beektootni qoricha aadaa Covid-19 wal'aanuuf ni oolu jedhanii Institiyuutichaaf dhiyeessan bifa garaagaraan faayidaarra kan oolan yemmuu ta'u, bifa shaayen kan dhugaman, aarri isaanii kan ulatamu, bifa soorataan kan nyaatamaniifi qaamarratti kan dibamanidha. "Qorichawwan aarri isaanii ulatamu laaboraatoorii nuyi qabnuun nageenyummaa isaa qorachuuf mijataa waan hin taaneef yeroodhaaf isa dhiisnee jirra. Amma kan qorachaa jirru bifa nyaataa, bifa shaayeefi bifa dibataan kan hojjetamanidha," jedhan. Qorichawwan kunneen hagam abdi-qabeessa? Abdi qabeessummaa qorichawwan aadaa dhibee Covid-19 fayyisuu danda'u jedhamanii qoratamaa jiran kunneen kan gaafanne Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Daayrektarri Itti-aanaan Qorannoo Qoricha Ammayyaafi Aadaa Obbo Warquu Gammachuu, "yeroo ammaatti fayyisuufi dhiisuu isaa mirkana ta'anii dubbachuun ni ulfaata," jedhan. "Qorichawwan isaan nuuf kennan vaayirasii ittisuu yookin yaaluuf hagas mara kan fayyadan miti. Haata'u malee, qorichawwan kunneen keessaa kan mala aadaan dhibeewwan biroo wal'aanuuf tajaajilan, akkasumas kan hoo'ina qaamaa hir'isan, fedhii nyaataafi dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa dabalan akka jiran barreeffamoota qorannoowwan biroo wabeeffachuun arganneerra," jedhan. Qorichawwan beektota qoricha aadaatiin dhiyaatan kunneen kanaan dura nama irratti yaalamanii kan hin beekne yemmuu ta'an, namootni qorichawwan kunneen bifa kamiin fudhatu kan jedhus akka qoratamuu dubbatan. Kana booda maaltu hafa? Adeemsi qoricha aadaa dhibee Covid-19 argachuuf Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa yeroo ammaa irra gahe qorannoo laboraatoorii akka ta'e Obbo Warquu Gammachuu ni dubbatu. "Bineeldota qorannoo laaboraatooriif oolan horsiisaa jirra. Yeroo guddinni qaamaafi umriin isaanii qorannoof gahutti isaan irratti qorannoo ni taasisna," jedhan. Qorannoon laboraatoorii Institiyuutichi beeyladoota irratti taasisus ji'a tokko booda kan eegalu yemmuu ta'u, qorannichi naannoo guyyoota 40 akka fudhatu himan. Qorannoo laaboraatoorii kanaan nageenyummaan qorichichaa kan qoratamu yemmuu ta'u, bu'aasaa bu'ureeffachuunis qorannoon fayyisummaa immoo Giddugala Qorannoo i Qo'annoo Fayyaa Beeyladaa Biyyaalessaa /NAHDIC/ walin ta'uun akka hojjetamu himan. Qorichawwan kunneen namarratti miidhaa kan hin qabne ta'uufi fayyistummaan isaanii erga mirkanaa'ee boodammoo yaalin kilinikaalaa /Clinical trial/ akka adeemsifamu Obbo Warquu Gammachuu ibsaniiru. Gama biraatin qorannoowwan qoricha dhibee Covid-19 Itoophiyaan taasisaa jirtu kan biroon kan jiran yemmuu ta'u, inni tokko qorannoo laboraatoorii darbuunsaa miidiyaalee biyya keessaa tokko tokkon himamee ture. Ministeerri Inoveeshiniifi Tekinoloojis guyyoota muraasa booda dhimmicharratti ibsa akka kennu dhageenyeerra.
GEM-xlsum_oromo-train-54
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43966147
Sababii cabiinsa to'annoo hidhicha mudateen ibsaan adda citee ture
Rakkina tekinikaa hidha guddicha humna ibsaa biyyattii Gibee 3 mudateen booda biyyattii gutuun alkan dukkanaan erga dabarfameen booda amma haalli dhiyeesiti ibsaa sadarkaa duraatti deebii'aa jiraachuunsaa dhagahame.
Adda cicituun ibsaa Itoophiyaatti kan barame ta'ulleen haala guddaa akkanaatiin yoo biyyatti mudatu kan hinbarmaneedha. Hidhii madda ibsaa kunis hanga bishaan gara kaaba Keeniyaa haroo Turkaanaatti yaa'u hirisa jedhamuun yeroo baayyee komiin kan irratti ka'aa tureedha. Itoophiyaanis wayita ammaa kanatti hidha guddaa laga Abbayyaa irratti ijaaraa kan jirtu yoo ta'u, Masiriifi Sudaan waliin dhimmicha irratti walitti dhufeenya dipilomaasii shaakarra'aa jira. Midiyaaleen motummaa biyyattiis haala adda cituun ibsaa kalleessa mudatee ture injinaroonni deebiisanii sirreessuu gabaasaniiru. Haa ta'u malee gabaasaan BBC Imaanu'e Igunzaa ammalleen eddoowwan biyyaatti hedduun ibsaa akka hinargatiin gabaaseera. Gibe III hidha guddaa biyyatti bara 2016tti ijaarameefi akka hidha olaanaa ardii afriikaatti ibsamee tureedha.
GEM-xlsum_oromo-train-55
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45716743
Morokootti wiirtuu bayyaanachiisuu qaama miidhamtootaa
Aminaa Silaawii abbaa warraa ishii waliin ayyaana kabajataa osoo jirtu bishikilitii irraa kuftee qaama miidhamtuu taatee wiilcheerii irratti hafte.
Aminaa Silaawii dubartii jiddugala bayyanachiisa Morokkoo duuba jirtuudha Balaan tasaa kuni garuu kan jireenya ishii qofa otoo hin taane, kan qaama miidhamtoota Morookoo biroo kumaatamaa fi sana biras darbee jireenya namoota biyyoota biroo jiraniis kan jijjiireedha. Aminaan maatii sooressarraa waan dhalatteef wal'aansa barbaaddu argachuu ni dandeetti. Garuu,isheen lammiileen biyya ishii Morookoo kanneen humna wal'aanamuu hin qabne akka jiran hubatte. Bu'uruma kanaan, Giddugalli Bayyanachiisaa Qaama Miidhamtootaa ishii fi miiltoowwan ishee muraasni hundeessan waggoota diigdamii-shan booda namoonni kuma diigdamii-jaha (26,000) gargaarsa wal'aansaa, meeshaalee fi deeggarsa adda addaa akka argatan gargaareera. "Jalqabarratti namni martuu,isin maraattuudha,garee namoota hokkolaniiti yookiin okkolaniiti. Maallaqas hin qabdan. Dhuguma, Wiirtuu Bayyanachiisa Qaama miidhamtootaa ni ijaarra jettanii ni yaaddanii? nuun jedhu.Nutis,Eeyyee! jenneen." jette Aminaan. Madda Maallaqaa ofiif ta'uu Wiirtuun Bayyaanachiisa Qaama miidhamtootaa Nuur kan dhaabbanni ishii Giruup AMH baay'ee itti beekamu kan Kaasaabilaankaa keessatti argamu keessa ulaa yookiin kooriidarii keessa deemaa haasofna. Richar dhukkubsattoota kanfaltii ofiin hindandeenyeef gargaarsa taasisa akka wallansa argataniif Gamaagamana ulaa nuti keessa deemnuu kutaalee babal'aa jiran keessa dhukkubsattoonni ulfaatinsa kaasu. Sirbi sagaleen baayyee isaa ol ka'ee iyyus ni dhagayama. "Namoonni inshuraansii qaban yookiin maallaqa qaban,namoota hin qabneef ni kafalu." jette ishiin haala itti dhaabbatichi namoota gonkuma maallaqa wal'aansaaf oolu hin qabneef akka fandii yookiin maallaqa ittiin argatan yeroo ibsitu. "Dhukkubsattoonni shan kan kafaluu danda'an bakka jiranitti,dhukkubsataa bilisaan wal'aanamu tokko ni qabna.Tooftaan kuni waggoota afur yookiin shan booda akka of dandeenyu nu dandeessiseera. Bu'aas argannee deebifnee namoota akka gargaarruufis nu gargaareera." Namoota sanneen keessaa takka Fatihaa Eeyit Mohaammadi.Otoo gulantaa mana isaanii qulqulleessitu kuftee laamshofte yookaan paaraalaayizii taate. Gareen kuni baasii ishii bayyanachiisuuf oolu dhibbeentaa saddeettama (80%) kan deeggare yoo tayu, doqdoqqee gosa addaatiin hojjetamte ishii biteera. Fatiyaa erga miilaan laamishofteen boda manatti haftee, hanga motar saayikiliin addaa hojjatamuufitti Oomishotaa dibataaf oolan(cosmetic supplies) kan bakka xinnoo qarqara daandiirra jirtuttii gurgurtu bitattee fiduuf guyyaa hundumaa doqdoqqee ishii yaabbattee gulufti. "Yeroo ani miidhamee sireerratti hafe, harmeenkoo waan hundumaa naaf gootii ture. Hoggaa sana waan addunyaa addaa keessa jiraachaa jiruu natti fakkaata ture. Qaamnikoo kan koo ta'ee natti hin dhagayamuu ture. Waan jireenya kana keessa jiru natti hin fakkaatuu ture." "Doqdoqqee koo yaabbadhee imaluu ni jaaladha. Amma bilisummatu natti dhagayama," jette. Giddugala bayyanachiisaa caalaa haala jiru Guyyaa hundaa, namoonni qaama miidhamtoota 120 ta'aniitu deeggarsa tajaajila bayyanachiisuu irraa hanga gorsuun hamilee jajjabeessuu fi meeshaalee bakka qaama miidhamee bu'anii tajaajilan (prosthetics and psychological) argachuuf waajjiraalee Aaminaa bira dhufu. Ministeera Gamtaa,Dubartootaa,Maatii fi Misooma Hawaasummaa Morookootti Daayrektarri Gamtaa Hawaasummaa Aahmad Eeyit Biraahiim,"Wanti Giruup AMH (Groupe AMH) kanaan kalaqame hojii bayyanachiisuu qofa otoo hin taane, wantoota biroo heddu kan hammate tayuu isaati," jedhan. "Namoonni qaama miidhamtoota ta'an deebi'anii hawaasatti makamuu isaanii mirkaneeffachuu barbaadu.Kuni ammoo guutuu Afrikaa keessattuu waan addaati." Gareen Aaminaa ammas daa'imman qaama miidhamtoota ta'an akkaataa baayyee ammataa ta'een walitti fiduuf mana barumsaa ni qaba. Kuni ammoo daa'imman qaama miidhamtoonni harka walakkaa gadi ta'an qofti mana barumsaa biyya deeman keessatti ,manni barumsaa garee kanaa kuni baay'ee barbaachisaadha. Kadiijaan daa'ima umriin waggaa saddeetii yoo taatu,sababa miidhamuu sammuu qabduutiin (cerebral palsy) laamshofte.Amma mana barumsaa kanatti baratti.Mana kutaa xiqqoo dhiyeenya kilinikichaatti kireeffatan keessa maatii ishii waliin jiraatti. Magaalaa Maaraakash irraa garana erga dhufan waggaa tokko caaleera. Haala sanaan ishiinis deeggarsa barbaaddu argachuu dandeessee jirti. Khadija mucaan dhukkuba 'cerebral palsy' jedhamu qabdu dhaabbata Amiinaa gargaarsa argattee "Yeroo achi turetti hiriyyoota hin qabuu ture. Erga as dhufe booda hiriyyoota qabaachuu eegale. Waytii natti waayyaawaa dhufe ammoo, wanti baay'ee na gammachiise wayii keessa kootti natti dhagayamuu eegale," jette. Baasii bayyanachiisuu Kadiijaa harka caalaa kan danda'e garee Aaminaati.Maatiin ishii akkaataa itti ishiin itti aaraa turte ni ibsu. Yeroo baay'ee siree irra duugdaan ciisuun dabarsaa turte. Amma garuu,fakkii kaasuu,ijoollee biroo waliin taphachuu fi ofii ishiitiin of dandeessee dhaabachuu dandeetti. Rakkoowwan Haaraa Aaminaan,kilinikicha keessatti hojii gaggessitoota olaanoo dhaabbatichaa waliin walgahii teessee argine.Ammaaf milkaawus, tooftaa garichi kalaqee ittiin galii argatu kana dhibdeen muudachaa jira. Dhibdee kanaaf fala laachuu akka danda'aniif jecha tarsiimoowwan gara fuula duraa irratti mari'ataa jiru. Dhibdeen tokko kilinikoonni dhuunfaa wiirtuulee bayyanachiisaa qaqqaalii kafaltiin guddaa ta'ee waan hunda guuttatan dhukkubsattoota sooreyyii itti wal'aanuuf oolan kan dorgomaa tayan banuuf karoorfatanii hojjechaa jiru.Dhukkubsattoonni sooreyyiin kunniin ammoo kanuma yeroo ammaa wal'aansa bayyanachiisaa keenya maallaqaan deeggaranii fi namoota kafalachuu hin dandeenye kan akka Fatihaa fi Kadiijaa kanneen gargaaraa jiraniidha. Kilinikicha cimsaa adeemuu ardii afriikaa gutuudhaa dhukkubsattoota sooressa hawwachuuf Garuu, rakkoon jiru sana qofaa miti. "Bajata keenya keessaa tokko-kurnaffaa kan tayu dhukkubsattoota maallaqa wal'aansaaf kafalan hin qabne deeggaruuf oolchina.Garuu humni waa bitachuu yeroodhaa gara yerootti hir'achaa jira. Mootummaa irraas deeggarsa tokkollee hin argannu. Kanaafuu,tooftaa ittiin madda maallaqaa argannu irratti yaada haaraa maddisiisuun barbaachisaadha," jette Aaminaan. Dhiyeenya kana ammoo, kilinikichi wal'aansa dhukkubsattoota sooreyyiitiif kan oolu damee haaraa kutaalee diigdama qabu kanneen dhuunfaa dhuunfaan tajaajilan baneera. Dhukkubsattoonni sooreyyiin biyyoota Afrikaa wal'aansi bayyanachiisaa itti muraasa ta'e yookiin gonkumaa hin jirre irraa baay'innaan garana dhufaa jiru. Kalaqxoota BBC Sababa dhiyeenyaatii fi gatiin wal'aansaas kan Firaansii fi biyyoota Awurooppaa garaagaraa keessa jirurra dachaa kudhaniin rakisha yookaan rakasa ta'uu isaatiin, dhukkubsattoonni baay'innaan Seenegaal,Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo fi Giinii irraa as dhufan. "Yeroon ni fiigdi; gadi hin teeysu. Kunoo amma waggoonni diigdamii-shan darbaniiru. Garichi hojiin qabameera,garuu immoo hanga yoomii?"jette Aaminaan. "Kaayyoon keenya, wanti nuti hojjenne yoo nuti deemnes kan hin badne ta'uu mirkaneessuudha.Dhiyeenya magaalaa Kaasaabilaankaatti hoospitaala biraa banuuf hojjechaa jirra. Kuni milkoofnaan,wiirtuulee yookiin giddugaloota bayyaanachiisaa biroo baay'ee ni banna." "Hojii miidhamtoota bayyaanachiisuutiin Afrikaa keessatti adda-duree ta'uu barbaanna." Qophiin BBC kuni deeggarsa maallaqaa Faawundeeshinii Biilii fi Meeliindaa Geetisiin hojjetame
GEM-xlsum_oromo-train-56
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57038949
‘Mirga Ajjeesuu’- Namoota abbaasaa gara jabinaan ajjeesaniif ilma dhiifama godheen kitaaba barraa'e
Waaqoo Geetaachoo dargaggoo abbaansaa haala suukaneessaadhaan jalaa ajjeefamanidha.
Waggaa sadii booda ammoo, seenaa ajjeechaa abbaa isaa sana kitaabaa mata-duree ‘Mirga Ajjeesuu’ jedhuun maxxansee torban muraasa keessatti dubbisaaf dhiyeessuuf qophii xumureera. ''Kitaaba kana kaniin barreesse haqa abbaa koo barbaacha, namoota abbaa koo ajjeesanirratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf miti. Kitaabichi seenaa maatii koo sababa du’a abbaa kootiin dararaa keessa dabarse hima,‘’ jedheera. Inumaayyuu ''warreen abbaakoo ajjeesaniif mana hidhaa dhaqeen dhiifama godheef,’’ jechuun BBCtti hime. Seenaa kanas akkuma inni haasa’etti akka armaan gaditti katabneerra. Dhiyaadhaa! Abbaan koo maqaan isaanii Geetaachaw Addisuu jedhamu. Ogummaa barsiisummaafi babal'ina manneetii barnootaa qindeessuun magaalawwan Lixa Wallaggaa baayyee keessatti tajaajilaniiru. Boodammoo maatiidhuma waliin gara bulchiinsa magaalaa Najjootti dhufanii jiraachuu jalqabne. Achitti gaggeessaa haawaasaa turan, mana amantaa keessaas si’aayinaan hirmaachaa turan. Ani obboleetti hangafaa tokkoofi obboleewwan dhiiraa quxisuu laman qaba. Abbaa koo waliinis akkuma maatii kaanii hariiroo abbaafi ilmaa gaarii qabna ture, hanganni addunyaa kanarraa lubbuunsaa darbutti. Abbaan koo nama namootaa waliin waliigalu, firaaf hawaasa waliin hariiroo gaarii qabu ture. Nuun ijjoolleesaa immoo akka barnoota jaalannuu nu gorsa. Barnootaaf iddoo guddaa kenna, ni jaalata ture, dhimmooti lamaan kunneen waan abbaa koo na yaadachiisanidha. Gaafas galgala maaltu tahe? Waggaa sadii dura (2018) baatii Waxabajjii keessa halkan gaafa guyyaa 25 ture. Galgala, abbaankoo fi harmeen koo akkuma guyyaa kaan godhan kadhannaa taasisanii rafuuf turan, isaan kutaa ciisichaa isaanii turan, obboleessi koo quxisuu yeroos wajjin tures kutaasaa keessa ture. Yeroo jalqabu manarratti dhakaan daddarabtamee, achiin jarri mana cabsanii seenuuf gaafa jedhan ‘lakkisaa aniyyuu isiniin banaa waan barbaaddan haasa’uu dandeenya,’’ jedhee balbala banee ol galche abbaan koo. Haadhi koo yeroosuma baqattee deemte. Abbaan koo ‘deemi ati mucaa fuudhiiti ani nan sirreessa’ ittiin jedhe. Obboleessi koo waggaa 19 garuu haadha waliin abbaa dhiisee deemuun itti ulfaatee kutaa biraa keessa dhokatee karaa qaawwaa ilaala ture. Akka obboleessi koo yeroo sana ijaan arge natti himutti egaa namooti ol seenan ‘’meeshaatu(kan waraanaa) jira mana keessa fidii jedhaniin. ''Lakki ani meeshaa hin qabu,diina isa kamiin qabaayyuunii? Meeshaan maal naa godha? Yoo barbaaddan sakatta’uu dandeessu’’ jedheenii. Sakattan’anis argachuu hin dandeenye. Sana booda gaafan dhagahu mana nama biraa ajjeechaa wal-fakkaataa raawwachuu deemaniitu namtcihi meeshaa qabaayyuuti dhukaasee ofirraa deebise, jara ajjeechaa kana raawwatan jechuu dha. Akkuma kanaa dhukaasanii nu deebisu jedhanii yaadanii turan. Otuma obboleessi koo inni quxisuun dhokatee ilaaluu, siree irra rafan, uffata, qodaa nyaataafi miya mana keessaa illee otoo hin hafiin gadi gara saalonitti baasanii beenziina (boba’aa) itti firfirsani iddoo waliin geenyerra gasoo dhaan soqanii itti naqani. Akka obboleessi koo jedhutti abbaa koo lama tahaniitu mormasaa hudhanii qabanii, achii booda inni tokko miila jalaa rukutee gaafanni kufu mormasaa hudhanii achumaan lubbuunsaa darbe. Sana booda isarrattis beenziina firfirsanii miya manichaa isarra godhaniitu abidda itti qabsiisanii jechuu dha. Obboleessi koo dhokatee waan tureef namni hin jiru jedhaniituma ibidda itti qabsiisan inni garuu karaa foddaa utaalee gara ollaa deeme, yeroo nagaa foddaa sanaaniyyuu bahuun ni ulfaata, lubbuuma oolfachuuf waan godhe dha malee, isayyuu ibiddi gara harkasaa isa mirgaa isa argateera Egaa akkasitti manni sunis ni gubatee, reeffi abbaakoos ni gubate akkas ture waan galgala sanaa. Du’a abbaa koo ‘message’ dhaanin dhagahe Finfinneen jiraadhaa ani. Gaafas ganama ergaan gabaabaa ‘message’n bilbila kootti naa gale. ‘’Abbaan kee ni dhukkubaa dafii qaqqabadhu’’ jedha. Aadaa keenya immoo tahee waan akkasii kallattiin sitti hin himamu. Tahus namoonni naannoo koo jiran bilbilaan gatii haasa’aa turaniif waantichi hammaataa akka tahe bareen ture. Haadh kootti yeroon bilbilu maqaa bo’iichaaf dandeessee natti hin dubbattu ture. ‘’Abbaa kee nu ajjeesaniiru, mana keenyas gubaniiru anaafi obboleessi kee Tuuliin garuu nagaa dha, yoo dandeesse dafii nu qaqqabii’’ naan jette. Sana booda mana fincaanii keessa seeneen ija koo walirra buufadheen kadhata gabaabaan taasise,’’yaa waaqayyoo rakkina waan sammuu koo ol tahettin galaa jiraati ati na gargaari,’’ jedheen bahe. Reeffi abbaa koo akka gubate magaalaa Najjoo gahee gara awwaalasaa yeroo na geessaniin bare. Abbaan koo manan dhaladhee guddadhe keesstti gubatee du’ee, manni keessatti gadda taa’an hin turre. Mana akkoo koo, harmee abbaa kooti dhaqne. Nuti abbaa keenya jennee boonyaa isheen immoo mucaa koo jettee boossi. Hirriba malee dabarsuun jiraa, namni haaraan battala dhufe hundatti ni boo’ama. Obboleettii koo hangaftii fi haati koo baayyee miidhaman. Yeroo sana qaamotni ajjeechaa akkasii raawwatan lama sadii qofa miti, soddoma, afurtama faa tahaniitu socho’u, eessaa akka dhufan hin beekamu, sibilaafi meeshaa adda addaa qabataniitu adeemu. Namooti olla akka hin birmanneefi mana tokko tokko isaanii fuuldura nama dhaaban qabu.Waajira poolisitti illee nuu birmadhaa jennaanis yeroos poolisiin eeyyamamaa hin taane ture. Maaliif akka tahe hin beeku. Boodarra gaafa gaafannu ajaja qaama oliirraa dhufeen waajiraa akka hin bane jedhamneeti hin bahiin hafne jedhan. Manichi akka jiruun gubateetu roobni halkan gara sa’atii 10 roobnaan hundeen manichaa qofaatti hafe. Reeffa abbaa koo immoo namicha ollaa keenyaa tokkotu inni gubate gubatee isa hafe walitti qabanii Waldaa Kiristiyaanaa dhaqatanii owwaalan. Sanas sodaatanii waan turaniif nama sadii afur tahaniitu raawwatan. Namooti yeroos viidiyoo waraabaa turaniifi lafaa kaastanii akka hin awwalle kan jedhanillee turaniiru. Qaamni abbaa koo walakkaan achumatti hafe, kan reeffa isaa dha jedhamee amanamee waan gubataa keessaa argame immoo awwaalameera. Warreen yakka kana raawwatan eenyu? Namoonni yakka kana raawwatan eenyu akka tahan, maal akka barbaadan waan sirriitti beeknu hin jiru. Garuu akka obboleessi koo jedhutti warra isa ajjeesan keessaa isa tokko ni beekna, walittis dhiyaanna. Abbaan koo maqaadhuma isaa dhaheeti ‘’maali abaluu ani baadhee si guddisee mitii? Maaliif akkas na gootaa? Otuma inni jedhuuti hudhee sadarkaa inni dubbachuu hin dandeenyerra geessisee jechuu dha. Namoonni gochaa sana raawwatan amma to’annoo seeraa jala hin jiranii. Adeemsi seeraa haadhaa koofi firootaan hanga godinaa gahee tures amma addaan citee jira isa qofan himuu danda’a. Yeroos hunduu bu’aa siyaasaaf fiigaa ture gatii taheef qaamni eenyutu ajjeese, maaliif du’ee waan jedhu kan gaafate hin jiru, dhimmi mana murtii adeemee fiixaan bahes hin jiru. Namni yakka sanaan himatamees amma mana sirreeessaa jiru hin jiru. Hamma har’aatti waanti barame hin jiru jechuu dha. Akkuma abbaan koo ajjeefamee, mannisaa gubatee, innis gubatee, dhimmi seeraa ajjeechaasaa waliin wal-qabutus akkasuma gubateema hafe. Waanti beekamaa amma jiru maatiin gadda hamaa ilmi namaa baachuu hin dandeenye otoo hin tilmaamiin nurra gahuusaati. Warra abbaa koo ajjeesan mana hidhaa dhaqeen haasofsise Obboleessa koofi ollaa dabalatee gaafas namoota ajjeechaa abbaa koo raawwatan kan ijaafi ijatti argan jiru. Anaaf isaan gatii arganiif ragaa gahaa ture, ija mana murtiidhaan maal akka jedhamu hin beeku. Haala kanaan namooti shan, jaha tahan kan shakkaman biroo waliin achuma magaalaa Najjootti waajira poolisii geeffamanii turan. Sana booda bilisaan gadi haa lakkifamaniyyuu malee, yeroo sana namootni shan, ja'a ta'an yakka sanaan shakkamanii himannaa ummataatiin to'annoo waajjira poolisii magaala a Najjoo turani. Namoota ajjeechaa abbaa koo irratti kallattiin hirmaatan jedhaman mana sirreessaa/waajira poolisii deemee argeera. Haasofsiiseera. Tokko tokkoo isaanii waliin taa’ee gochi isaan godhan sirrii akka hin taane itti hime. Maaliif gocha sana akka raawwatan gaafadheen ture garuu ol jedhanii natti haasa’uu hin dandeenye. Kaan hin bo’u turanii, kaan callisaniima na ilaalu turanii, kaan immoo na dubbisuuyyuu na baqatu turani. Isaan keessaa inni tokko of ajjeesuu akka barbaadu natti dubbatee ture. Jarri suni gochaa sana maaliif akka raawwatan kan beekan natti hin fakkatu. Dargaggooti kunneen umrii 16 fi 17 irra kan jirani dha. Gochi sun gaafa raawwatame namootni 30,40 n lakkawaman turanis, ajjeechaa sana mana keessa seenanii kan raawwatan umriin isaanii 16 fi 17 ta'u jedheen tilmaama. Namootni baay'een halkan sana dhufan baay'een isaanii ga'eessotaa fi meeshawwan adda addaa qabatanii akka turanis dhaga'eera. Dargaggoota to'annoo seeraa jala turan sanas dubbiseen ture. Kaan ija keessa na ilaaluufiyyuu ni sodaatu turan. Anis miirrikoo baay'ee na jeeqame. Namoota abbaakoo ajjeesan jedhamanii shakkaman dura dhaabbachuun natti ulfaate. aarii , gadda, ijaa baafachuu tu keessakoo na guute. ofiin wallaansoo qabaaman of tasgabbeessee achii ba'ee adeeme. Saammuun koo yeroo dheeraaf aarii fi miira haaloon na guutamee ture. Garuu yeroo murtaayee booda namoota kanaaf dhiifama gochuun murteesse. Dhiifama godheefiin sammuukoos dhiphina aarii fi haaloo baafannaa irraa aara galfachiise. Wanti ta'e madaan isaa yoomiyyuu narra hin badu garuu al tokko tokko haaloo bahuutuu irra dhiifama gochuutu si boqochiisa. Abbaan koo sila du’e waan taheef isaanirraa haaloo akka hin qabne,maatii isaaniis akka hin miine fi ofiisaaniillee kana booda dogoggora akkasii keessa akka hin galle itti hime. Anis, maatiin keenya hunduu akka isaaniif dhiifama godhe ittin dubbadhe. Achiin wal-dubbisnee, miira keessa gallee, boo’ichi guddaas tureera mana sirreessaa sanatti. Kanaan, jara wajjiin gargar baanee jechuu dha. ‘Nama abbaa ofii ajjeeseef dhiifama gochuun akkamiin danda’ama?’ Isaaniif dhiifama gochuuf namummaa akkasii kanin argadhe abbaama koo isa ajjeefame irraati. Yeroo hundaa mana keessatti waa yeroo balleessinuu, bakkee dhaa ijoollee waliin wal-lollee gallu, otooma rukutamnee galle illee akka nuti dhaqnee dhiifama gaafannu nu godha ture. Erga abbaan koo du’ee amalan fide osoo hin taane durumaa kan inni ittiin nu guddise dha. Dhugaa dubbachuuf nama abbaa kee hudheefi boba’aa itti firfirsee ajjeese dubbisuu mitii waa’eesaa yaaduuniyyuu nama dhukkubsa anis akkasuma natti dhagahamaa ture. Nan rifadhaa abjuu keessa nan jeeqaman ture garuu ala tokko tokko immoo waanti foon kee kanaan hin hojjenne waan uumaan, waan Rabbi si gargaaru jira. Dhiifama isaaniif gochuu kootti immoo jara sana caalaa iyyuu ofii koon of fayyade. Nagaan argadhe, haaloo namattii hin qabu. Koomeedii fi gadda Yeroos yeroo jiraachuudhuma itti jibbe ture. Maatiin halkan tokkotti diigama taanaan ‘hiikti jiraachuuyyuu maali?’ Ofiin jechaan ture. ‘Maaliif ana?’ Kan jedhu gaaffii natti tahaa ture. Guyyaa baayyee hirriba maleen dabarsa ture garuu of ko’oomsuu gatiin qabuuf hojii aartii komeedii sanatti itti cimse. Guyyaa kolfaa oola inni namoota waliin hariiroon qabuuf na gargaareera garuummoo keessi na dhukkubuun akkuma jirutti ture. Kitaaba ‘Mirga Ajjeesuu’ jedhu gaddarra taa’een barreessuu jalqabe Erga abbaan koo ajjeefamee guyyaa jaha booda shamarree wagga 15 tokkotu kutaa Oromiyaa iddoo biraa irraa naa bilbilte. ''Anas abbaa koo dafqaan bulaa na jalaa ajjeesanii, haati koo qaama miidhamtuu dha, obboleettii ji’a jahaas qaba,’’ naan jettee abdii akka hin qabneefi kadhaaf daandiitti akka baatu natti himte. Gaafas gaddee, boo’ee gaddi kuni mana Oromoo baayyee jira kan jedhuun barreessuuf murteesse. Wareegama akkasii mana Oromoo kumaatama keessa jiru keessaa ani seenaa lubbuu tokkoon barreesse jechuu dha. Namni tokko mirga ajjeesuu yoo qabaatee, nama biraa irra immoo dirqama du’uutu taha. Lubbuu kan uume Waaqaa, kan fudhachuu qabus isa. Kanaaf namaaf mirgi ajjeesuu eeyyamamuu hin qabu kan jedhu himuufan barreesse, dubbisaanis akkasitti naaf haa hubatu.
GEM-xlsum_oromo-train-57
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43925242
''Gaaffii ummataa hoggantootaan geenya'': Dargaggoota
Dargaggonni afur baalee magaalaa Gindhiir irraa miilaan kiloomeetira 500 ol adeemuun gaaffii ummataa hoggantoota biraan geenya jechuun Finfinneetti imala taasisan. Dargaggoonni kunneen, hanga ammaa nu milkaa'uu dhabus Ministira Muummee Dr. Abiiy fi Pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa arguu barbaanna jedhaniiru.
Dargaggoonni afur Baaleerraa ka'anii imala lafootiin Finfinnee galan Namoota imala taasisan keessaa tokko kan ta'e Mohaammad Kadir, Kayyoo imala kanaa ibsuun eegala. ''Saba keenya maaliin haa deggerru, maaliin haa yaadannu kan jedhuun kaane'' jedha dargaggoon kun. Namni waan qabuun saba gargaara , nutis dargaggoonni kunneen maaliin saba keenya haa deggerru kan jedhuun kaane jedha dargaggoo Mohaammad. Duudhaa abbootiin kaleessaa keessa turanii fi waan qeerroon har'aa qooddachuu qabu jabeessuuf akka kaayyeeffatanillee dubbateera dargaggoon kun. ''Kaleessa abbootiin keenya imala lafootiin shawaa deemanii dhaamsa dabarfachaa turani. Qeerroon ammaas yoo geejjibni dhabame ergaan dhabarfachuu dandeenyaa kan jedhuun tokkummaa Oromoof yaadnee imala kanaaf yaalii goone. Kaayyoon tokko kana.Inni kan biraammoo yaadannoo wareegamtootaati. Ummati keenya akka malee asiin dura nu duraa dhumaa ture. Ammoo haala yeroo ammaa kanaa ilaalchisees gammachuu hawaasa keessa jirullee qaamumaan hooggantoota haaromsaan dhufan kana bira deemnee itti himuu yaadneeti. Imala lafootiin walquunnamuunillee akka danda'amu ummata keenya barsiisuudhaa. Ummanni keenya fuulduratti tokkummaansaa akka hin diigamne imalli lafoo kun ga'ee guddaa qaba. Ummata keenya naannoo Sumaaleetii buqqa'anillee yaadachuudhaafi. Wanta biraa ittiin qarqaarru waan hin qabneef kanumaanillee yaadannaa jenneeti. Kaayyoo keenya gurguddoo kanuma.'' jechuun yaadasaa ibseera. Akkaataa imalaa Daandiin Baalee hedduun konkolaataaf rakkisaa ta'uu kan dubbatu dargaggoon kun kaayyoo fi kutannoon qabsoo ummata keenyaaf qabnu abdii isaanitti horuu dubbatu, deggersi hawaasaas nurraa hin cinne jedhu. Imala guyyoota kudha torbaa kana keessatti rakkoon isin hin mudannee, karaarra bulaa turtanmoo akkam taatan gaaffii jedhu gaafanneerra. ''Ummanni keenya bakka deemnu hundattuu haala ho'aadhaan nu simachaa ture. Akkaataa hin yaadamneen nu simatan. Deemnee dhufnee wayita baddaa Baalee naannoo Diinshoo geenyu nutti cimatee ture,nuti gammoojjiirraa dhufne waan ta'eef. Dibaabee nuuf bitanii, uffata nuuf godhanii, nyaatas, naannoo Garambaa jedhamu seensa Baaleerratti nutti qalanii nu nyaachisanii,humna nuuf ta'anii nu geggeessaniitu haala kanaan as geenye. Hanga Finfinnee seennutti deggersi ummataa nurraa hin cinne. Rakkoon nu mudate tokkollee hin jiru'' jedheera. Muummicha Ministiraa Dr.Abiyyi Ahmadiin utuu fuulaa fi fulatti argattee maal akka itti himuu danda'us dubbateera. ''Nuti wal haa taanu, gaaffiin saba keenyaa guutummaa guutuutti haa deebi'uu jenna. Irra dhahaan maleetti guutummaa guutuutti saba keenya bira haa dhaabbannu yaada jedhu qabna jedha Mohaammad. Dargaggoonni kunneen waan hunda caalaa tokkummaa fi walitti dhufeenya sabichaa cimsuuf kaayyeeffatanii imala akkanaa akka eegalan Mohaammad bseera.
GEM-xlsum_oromo-train-58
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46727383
Raayyaan ittisa daangaa Zaalaambassaarraa akka turuuf uummata naannoo sanaa waliin waliigalameera
Konkolaattoonni raayyaa ittisa biyyaa meeshaalee waraanaa gurguddaa fe'uun naannoo daangaa Itiyo- Eertiraatii socha'aa turan ummata naannichaatiin kaleessa dhorkamee ture. Har'a garuu marii ajajoota waraanaafi uummata naannoo daangaa sana jiran waliin taasifameen waliigalteerra ga'ameera.
Waliigaltee kana irra ga'uu BBC'tti kan himan Mootummaa Naannoo Tigiraayitti Itti-gaafatamaan Nageenyaa Aanaa Mahaadda Obbo Girmaay Haadushidha. Aanga'aan aanaa kun akka jedhanitti bakka sana humnoonni raayyaa ittisa biyyaa bakka bu'an amma dhufanitti humniifi meeshaan achi ture bakkuma sana tura. "Sochiin raayyaa ittisa biyyaa taasisaa jiru daangaa dhiisee deemuuf osoo hin taane miseensota raayyaa ittisa biyyaa waljijjiiruu akka ta'e bal'inaan hawwaasaaf ibsameera. Shakkii uummatichaa erga hubatanii booda ammoo hanga isaani humnni raayyaa ittisaa kan bakka bu'u galaa akka jiru hanga ija isaaniitiin arganitti obsaan turra jedhaniiru," jedhan Obbo Girmaay. Konkolaataan oraalii fe'umsaa gurguddoon kan raayyaa ittisaa biyyaa gara 20 ta'an meeshaalee waraanaa gurguddaa fe'uun naannoo daangaatii ka'uuf osoo jedhanuu lafa Fatsii jedhamuufi Zaalaambassaarraa fageenya xiqqoorratti argamutti uummataan daandiin cufamee akka hinsochoone taasifamu isaa jiraattoonni BBC Tigrinyaa'tti himuun isanii ni yaadatama. Uummatichis tarkaanfii danquu kan fudhateef, daangaawwan Zaalaambasaafi Raamaa baatii Fuulbaanaa keessa saaqamanii turan amma motummaa Eertiratiin cufamuu isaatiin ta'uu maddeen himaniiru. Dhimma kanaanis walqabatee shakkii itti uumameera jedhu jiraattoonni. Naannoo Tigraayitti itti gaafatamaan naheenya waajjira aanaa Giloo Makadaa Obbo Girmaay Haaduush taateen uumame dhugaa ta'uu BBC'f mirkaneessaniiru. ''Uummannis daangaa maaliif akka cufame ilaalchisee ibsi akka kennamuuf gaafateera,'' jedhaniiru. Haala cufamuu daangaatiin tibbana uumameen wal qabate adeemsa nageenya Eertiraa irratti uummanni shakkii godhachuu isaa mirkanneessaniiru. ''Wayita ammaa waardiyoonni daangaarra yeroo taa'aa jiraniifi daandichi cufaa jiru kanatti, raayyaan ittisa Itoophiyaa eessa deemuuf jedheeti? Sababiin bakka jiru irraa akka ka'u itti taasifame ifaa miti'' gaaffilee jedhan kanneen uummanni kaasaa jirudha ittigaafatamitichi. Gaaffii ummataa kanaan walqabatees, humni raayyaa ittisa biyyaa konkolaataa sochoosuu dhaabuun har'a uummata waliin marii taasisuuf beellama qabachuu dabalanii himaniiru. Guyyaa tokkoon duras raayyaan ittisa biyyaa Aanaa Iroobii ture kan socha'e yoo ta'u, waldhabdeen wal fakkaatu uumamee akka ture maddeen ni himu. ''Wayita konkolaatoonni meeshaalee gurguddaa fe'an socha'an ummanni 'ibsa barbaanna' jedhe malee gara walitti bu'iinsa biraatti hingallee,'' jedhu ittigaafamaan nageenyaa kun. Guyyaa kaleessaattis meeshaan waraanaa socho'e akka hinjirree beekameera. Karaa gara biraatinis, dargaggoonni magaalota gara biraa keessattuu naannoo Adigiraatiitti walitti qabamaa akka jiran maddeen ni himu. ''Hawaasichis sodaa itti umameef deebii yoo argate, sababiin raayyaan ittisaa maaliif socha'a jechuun gaaffii kaasuuf hinjiraatu,'' jedhu obbo Girmaay. Raayyaan ittisa biyyaa araaraa Itiiyoo-Eertiraa hordofuun daangaarraa ka'u eegalusaa gabaasuun keenya ni yaadatama. Haa ta'u malee, daandiileen wal quunnamsiisan deebii'an cufamu isaanii ilaalchisee motummoonni federaalaas ta'e kan naannoo calsuu isaanitti shakkiin umameera jedhamaa jira.
GEM-xlsum_oromo-train-59
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50513448
Dhuguma TPLF ADWUI keessaa bahuuf murteesseeraa?
Walgahii Mana maree Adda Dimokiraatawa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) Kamisa darbee gaggeeffachuun, yaada walitti makamuu sagalee guutuun yeroo mirkanneesseetti, walgahicharratti akka hin argamne dursee akkuma beeksiise TPLF osoo hin hirmaatiin hafeera.
TPLF kanaan duras murtewwaan ADWUIn dabarsu sababiiwwan adda adaatiif akka hin fudhannee himaa tureef walgahii mana maree ADWUIn waamee irratti hirmaachuu dhiisuun ejjannoo mormii taasisaa tureef tarkaanfii biraa akka ta'e amanama. Dhuguma TPLF ejjannoosaa kanaan itti fufee ADWUI irraa adda baha? Yoo akkas ta'e ammoo hiikkaan inni siyaasaa biyyattii irratti qabaatu maal? kanneen jedhan gaaffiilee hedduun kaasaniidha. Miseensoonni Addiichaafi paartileen deegartootaa walitti makamuun deegaranis ta'e TPLF mataansaa ADWUI daandii amma har'aatti dhuufeen itti fufuu akka hin dandeenyee amananilleen, kanaan booda ammoo dhaabichii attamiin adeema isa jedhurratti waliigalu hin dandeenye. Walgahii koree hojii raawwachiiftuu ADWUI Sambata darbe gaggeefameen tureetti aansuunis, mariin MM Abiy Ahimad Dilbata miseensoota hojii raawwachiftuu TPLF waliin taasisanii turan bu'aa qabatamaa malee hafeera. Guyyoota itti aanaan keessattis waldiddaan qaamoolee lamaanuu cimee kan itti fufe fakkaata. ADWUI fi TPLF 'waliin taanulleen adda baaneerra' Garee siyaasa mormituu keessa kan turan Obbo Mushee Sammuu: "Siyaasni akka heerregaa kun yoo ta'e kanatu ta'e kan jedhu waan hin qabaanneef, taatee kana keessaaa carraan itti fayyadaman akka jiru yoo amanan qaamooleen lamaanuu mariidhaaf boodatti deebii'uu ni danda'u," jedhanii amanu. Kun hafee, miira diinummaatiin wal himannaan kan itti fufan yoo ta'e, carraa waliin mari'achu ni balleessa jedhu. ''Qaamoolee lamaan irraayyu kan eegamu maqaa walii dhahuu, wal balaalleefachuufi ibsawwan hintaanee baasuu irraa of qusachuun tasgabbiin haala xinxaluu barbaachisa. Kana raawwannaan yeroo hundaa carraan jira. Carraa kana kan murteessu keessattuu piropogaandaa dhaabbilee miseesnsa ADWUI kana booda gaggeessaniiru,'' jedha Obbo Musheen. Garaa garummaafi waldiddaan uumammee jechuun hunduu dhumate, walitti dubbatamu hin danda'amu jechuu miti. Garaa garummaan kunis kan adeemasaafi adiyooloojiiti. Kanaafuu haala tasgabbaa'een dhiimmoota daandii qabsiisuu dhiisuun badiinsa paartiilee addichaas ta'u danda'a yaaddoo jedhu akka qaban himu Obbo Musheen. Kun ammoo uumtaafis ta'ee biyyaaf cimaadha jedhu. ''TPLF keessa taa'ee malee bahuun qabsaa'u hinqabaatu,'' amantaa jedhu qabu Obbo Musheen. Gaaffii TPLF kutatee ADWUI adda waan bahu sitti fakkaataa? jedhuufis deebii yoo kennan, ''TPLF kana duraa qofaasaa jiraateera. Sochii Dimokiraatawa biyyaaleessa Amaaraa, OPDO fi Sochii Dimikraatawa Ummattoota Kibbaa waliinis hojjateera.'' ''Bakka kaan hin turreettis paartileen kunneen siyaasa biyyattii sochoosaa turaniiru. Dhimmi guddaan ofi haala qabatamaa waliin wal simsiisuudha. Gama biraatiin ammoo ADWUI tiin ala dhimmoonn ni raawwatu? jechuun gaafachuunis ni barbaachisa'' jedhu. Obbo Musheen akka jedhaniitti dhuguma akkuma TPLF jedhuutti ummanni Tigraayi gutummaatti TPLF faana kan jiruu yoo ta'e, ADWUItiif qor-qalbii ummata Tigraay argachuun salphaa hin ta'uuf. Ummaticha waliin mari'achuun carraa eegeeree biyyattii irratti waliin murteessuu xiqqaadha. Lakkoofsi ummatichaa hangam ta'ulleen waliin qalbii guutuun kan hin hojjannee yoo ta'ee dhiibbaansaa baayyee ta'u mala. ''Kan walii hingallee paarilee waan ta'aniif qalbiin ummatichaa hawwatamu hinqbaatu. Ummata Tigraayi dhabuunis waan salphaa ta'e jedhee hinyaadu,'' jedha Obbo Musheen. Obbo Musheetiif garaa garummaan kun kan itti fufuufi kan keessaa burqe miti. Walitti dhufeenyi TPLF fi ADWUI adda citee hafe amantaa jedhuus hin qaban. Aanga'oonni paartiilee kanneen imala qabsoo dheeraa waan dabarsaniif sababiidhaaf eddoo ni kennu jedhee yaadu. TPLF akka paartii mormituutti? TPLF yoo ADWUI addaa bahee tarkaanffiin ittaanu maal ta'a gaafii jedhuuf, yaadi garaa garaa dhiyaataa jira. Isaan keessaa tokko mormitu ta'uun itti fufa kan jedhuudha. Obbo Musheen ammoo, ''Addicha keessaa bahuu mormiituu ta'uudhaa?'' jechuun gaafatu. ''Qaamni kaanis mormaa ta'u danda'a. TPLF warra kaan walitti qabuun carraan motummaa ta'usaa dhumeefiira jechu miti'' jechuun dubbii gara biraatin deemuuf carraan jiraachu himu. Miseensi hojii raawwachiftuu TPLF fi Itti-gaafatamaa Ittaanaan waajira ADWUI Obbo Getaachoo Raddaa gaaffiifi deebii VOA waliin taasisaniin, carraan paartichaa kan murtaa'u MM ykn ADWUI tiin osoo hin taane, deeggartootaafi ummata Tigraayiin jechuunsaanii ni yaadatama. Tigraayi akka 'fakkeenya biyyaa' taasisuu Torban darbee keessaa Tigraayiin akka fakkeenya biyyaa (Defacto State) taasisuu ilaalchisee barruun sagalee TPLF 'Wayin' hangam waldhabdeen ADWUI fi paarticha jiduu jiru akka cime kan agarsiise ture. Kunis yaada 'Tigray foxoquuf' jedhuu agandaa haasaa taasiseera. Yunivarsitii Maqaleetti barseesaa Seeraa kan ta'an Obbo Makoonniin Fisahaa barreeffama barruu Wayyin irratti bahee ''gutummaa gutuutti ejjannoo TPLF dha ykn miti jedhame murteessuun ni rakkisa. Haata'u malee wanta akkeeku tokko qaba,'' jedhu. Yaadni kunis osoo haala barreeffamaatiin hinbahiin duras namoota midiyaa hawaasaarratti barreessan fi warreen barataniiru jedhamanii osoo hinhanfe callaqisiifamaa turera. Obbo Makoonnin akka jedhaniitti, TPLF Tigraay foxoqsuun gonkumaa yaada hinqabu jechuun yaaduu hindanda'amu. Isaaf siriiyyuu 'diriqisiifameen fuula kiyya gara kanatti naanneeffachuun danda'a' kan jedhuuttu itti mullata. Kanas yoo ta'e ammoo TPLF qofaasaa kan murteessu hinta'u. Akka Tigree tokkootti ejjannoon dhimma kanarratti qaban, ''Tigiraayi olaantu Itoophiyaa olaantuunana fakkeessa. Olaanaa yoo jedhamu uummata jechuu waan ta'eef,'' jechuun deebii kenanna Obbo Makonniin. Haa ta'u malees, 'qabsoon keenya duubatte deebiifameera, dhiibamneera' miirri jedhuu ummata Tigraayi keessatti ballinnaan kan calaqisu ta'u himu Obbo Makoonniin. Dhugaatti ummanni Tigraayii hangam foxooquu barbaada kan jedhu baruuf qorannoo gadi fagoo barbaachisa. ADWUI waliigalu yoo dadhabe ni diigama, diigamuus qabaata. Haa ta'u malee kun carraa Itoophiyaa murteessuu hinqabaatu ejjannoo jedhu kan qaban Obbo Makoonnin, ''Du'aatiinsaa hinlabsamne malee, ADWUI erga du'ee tureera'' jedhu. Dhaabbileen miseensaas ta'ee deegartootaa Walitti baqiinsaan walqixa murteessu Waajjira ADWUI tti ogganaan garee walitti baqiinsa addichaa qoratee kan ta'an Dr Tamasgan Burqaa akka jedhaniitti, kana duras taanaan gaggeessaa kan turan Imaammataafi tarsiimoodhuma ADWUI waan tureef dhaabbilee miseensaa qofaa osoo hintaanee dhaabbileen deegartootaas ofiisaanii diiguun sadarkaa wal qixxeen dhufanii paartii Badhaadhummaa hundeessuu akka qabaatan BBC'tti himaniiru. ''ADWUI paarticha hundeessuun kan isaan fidu osoo hintaane, haala walqixa ta'een ijaaramuun kan hundeessaniidha. Qorannoon keenya kan agarsiisuu kanadha. Isaan kan kan murteessan ni ilaala,'' jedhu Dr Tamasgan. Gama yeroo walitti baquu ilaaluun, ''rakkoolee jiran hiikuuf ammuma waliitti baqaa jenneenii turre. garuu murteen kan siyaasaati,'' jedhaniiru. Carraa eegeeree walitti baqiinsaa fi ADWUI Addi biyyattii waggoota 30n darbaniif biyyatti bulchaa ture hundeessuu keessatti gahee olaanaa kan xabate TPLF, adeemsa hundeeessuu dhaabbata itti aanuu keessatti akka hinhirmaannee beeksiseera. Haa ta'u malee miseensoonni addichaa hafaniifi dhaabbileen deegartootaa walitti baqiinsa dhuugomsuuf adeemsa saffisaa raawwataa jiru. Adeemsi murtee hojji raawwachiftuu addichaatiin eegalees, turtii toraan hingunnee keessatti murtee mana marichaatiin gara sadarkaa ittaanuutti darbeera. Isaan boodas dhaabbilee kunneen miseensoota isaanii waliin murteessuun, gaaffii walitti baquu gara yaa'ii waliigalaatti geessuun murtee dhumaa itti kennu. Kunis adeemsa hanga ammaatti jiruun badaa guufuu kan uummatu hinfakkaatu. TPLF ejjannoo hanga ammaatti qabuun yoo itti fufee, gaaffilee seeraa walitti baqiinsa irrati qabu kaasuun mormuu ni danda'a. Kanaan alattis kana dura miseensoonni isaa tokko tkoo akka caqassniitti, gareewwan siyaasaa gara biraa waliin qindaa'uun adda biyyaaleessaa paartii Badhaadhummaa mormu hundeessuuf ykn qindoomina uumuun filannoo ittaanu irratti akka hirmaatu eegama. Ejjannoo hanga ammaatti fudhateenis, TPLF of baqsuun deegartoota loltummaafi qabsoo siyaasaa duraanii isaa waliin miseensa Paartii Badhaadhuummaa ta'uuf carraansaa xiqqaadha. Siriiyyuu kana mormuun bakka bu'uura deeggarsa isaa ta'e naannoo Tigraayiitti hiriira mormii walitti baquu mormu akka gaggeefamu taasisuuf sochii taasisaa jiraachutu himama. Kunis TPLF garamiitti adeemaa akka jiru kan kan hakeekuudha. Haala kanaan, ADWUI tarkaanfii walitti baquutiin kan itti fufuu yoo ta'e, TPLF paartii haaraa keessa jiraachunsaa kan yaadamu hinta'u. Hundumaafuu guyyoota itti aanan keessatti gareewwan siyaasaa kunneen murteeen irra gahanis, kan siyaasa Itoophiyaa keessatti sarara murteessaa kan kaa'u ta'a.
GEM-xlsum_oromo-train-60
https://www.bbc.com/afaanoromoo/45268082
Itiyoo-telekoom gatii hir'isuu isaa beeksise
Itiyoo-Teelekoom tajaajilawwan kennuu garaa garaa irratti gatii hir'isuu beeksise.
Dhaabbatichi ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen, tajaajila intarneetii daataa moobaayilii irratti hir'isa gatii dhibbeentaa 43, kan intarneetii biroodbaandii irratti ammoo dhiibbantaa 54 taasiseera jedhe. Akkasumas tajaajila bilbila sagalee irratti hir'isa gatii dhibbeentaa 40 fi ergaa barreeffamaa gabaabaa irratti ammoo dhibbeentaa 43 taasisuu himeera. barameera. Haaluma kanaan tajaajilli bilbila sagalee duraan daqiiqaatti saantima 83 ture gara saantima 50tti hir'atee jira. Tajaajilli intarneetii moobaayiilaa Meegaabaayitii tokkotti saantima 35 ture gara saantima 20tti hir'atee jira. Haaluma wal fakkaatuun tajaajilli ergaa gabaabaa tokko duraan saantima 35 ture gara saantima 20tti hir'atee jira. Hir'isi gatii kunis har'a irraa eegalee hojiirra oola. Hir'isa gatii dhaabbatichi taasisee kana Hojii raawwachiftuu muummee Itiyoo-telekoom Aadde Firehiiwot Taammiruu waabeffachuun miidiyaaleen biyya keessaa kan gabaasan. Galmeen bilbila moobaayilii bara darbe jalqabamee tures har'aa irraa eegalee dhaabbatuu isaas Itiyoo-telekoom beeksiseera. Itiyoo-telekoom hannaa fi daldala seeraan alaa ittisuuf jedhee ture bara darbe galmee bilbila harkaa kan eegale. Dhaabbatichi kana yaa jedhu malee namoonni, galmee kana duuba kaayyoon dhoksaa jira jedhanis hin dhabamne. "Gatiin kafalluufi tajaajilli argannu wal hin madaalu"
GEM-xlsum_oromo-train-61
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48363558
Sookoofi soorgoo diraamaa 'Min Littaazaz'
Itoophiyaa keessatti diraamaawwan qabiyyee hawaasummaafi siyaasa irratti xiyyeefatan hedduun yeroo garaa garaatti afaan Amaaraatiin dhiyyaachaa turaniiru. Kanneen akka baala guddaay, maan gadalaat, gamanaa, beetoch fi kan biroos diraamaawwan qeequmsa haala yeroo irratti xiyyeeffatan keessaayi.
Diraamaawwan kanneen waa'ee hawaasummaarratti kan xiyyeeffatan yoo ta'u, diraamaan Min Littaazaz garuu qeequmsa siyaasaa irratti kan xiyyeeffate fakkaata. Diraamaan kunis darbuu kan eegale tibba mormiin magaaloota biyyattii adda addaa keessatti cimuun, kallattiin adeemsa siyaasa biyyatti adda hin bahiniitti ture. Eddoon diraamaan Min Litaazaz itti hojjatamus kaaffeedhuma tokko. Haati kaaffichaa Aaddee Lamlam yoo ta'an, kan ogganamu garuu Obboo Ayaaliqibbatiin. Hoogganaan kaaffee kanaa Obboo Ayaaliqibaatis keessummeesitoota isaa Iddil, Nigusneshiifi Daggisawu naannoo adda qooduun akka hojjataniif ramadeera. Haala 'addunyaa Kaaffee' kanaas kanneen haala qabatamaa Itoophiyaa waliin walitti hidhan jiru. Natsaanat Tasfaayee fi Taammanaan yeroo mijateef hunda diraamicha ni dowwattu. Diraamichis haala biyyatti hordofuun qeequu cimaa akka taasisu amanu. Barreestaa ta'uun kan hojjatuu namichi areeda dheeraa Daanyeen, gurbaan gaazexaa naanneessu Suudaan, Dura taa'aan paartii Lixi, Carboollee, barreessaan diraamichaa Dooniisii fi hojjattoonni baankii sadan taatoota diraamaa kanaati. Taatoowwan kan biraa yeroo garaa garaatti mul'ataniifi maamiltoonni kaaffechaas jiru. Taammanaan garuu taatoota kanneeniin baayyee aara. Maaliif jennaan, 'taatoonni natti lallaafu' jedha. Dhimmoonni torbaniin kaaffecha keessatti ka'an hundi siyaasa. Haala baaccoo fi kolfa fakkaatuun doowwattootaaf dhiyaatu. Diraamaa kunis TV Faanaatiin tamsa'unsaa namoota tokko tokkoof gaaffiidha. Taammanaan akka jedhuutti, haala hawaasa keessa jiru dhiyeessuun alatti ergaa cimaa hin qabu. Natsaannatis yaada isaa kanaan walii gala. Akkasumas diraamaan kun mata duree haasaa namootaa ta'usaa irratti waliigalu. Itti gaafatamaan Biiroo Aadaafi Turiziimii Finfinnee fi Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaanTiyaatiraa kan turan gargaaraa Pirofesaraa Nabiyu Baayyee, haalli qeequmsa siyaasaa diraamaa Min Littaazaz kunis diraamaa fi tiyaatira Itoophiyaatiif waan haaraa miti jedhu.Tiyaatirri yeroo jalqabaatii Itoophiyaa keessatti hojatame ture qabiyyee siyaasaa akka qabu himu Tiyaatirri biyyattii jalqabaa Taklahaawaariyaati Taklamaariyaamiin barreeffamees 'Ye awurewochi komodiyaan Masaalaq' yeroo tokko caalaa agarsiifamuuf carraa akka hin argatiin barsiisaa Zarihun Birhaanu ni dubbatu. Sababiinsaas aanga'oonni yeroo sanaa qabiyyee diraamichaan waan hin gammadiin hafaniif jedhu. Diraamaadhaan qeequmsa dhiyeessuun Itoophiyaatti waan haaraa akka hintaane lamaanu walii galu. ''Itoophiyaa keessatti qeequmsa siyaasaa haala Kanaan dhiyeessuun waan haaraa miti'' kan jedhan Pirofesar Nabiyuun, haala dhoksaatiin dhiyeessuun ammoo aadaa ogbarruu keenyaati jedhu. Obbo Zarihuun ammo 'Min Littaazaz' dhugaa qaba. Akkasumas bareedinas qaba jedhu 'Diraamaa Min Litaazaz 'abbaa Ilkaanii' Diraamaan torbeen Dilbata sa'aa booda dhiyaau kunis dhimmoota waqtaawaa ta'aan hordofuun qeequuf carraa argateera. Fanaatti qopheessaa mummee sagantaalee bashannanaafi Itti gaafatamaan kutaa sagantaalee waltaatotaa Obbo Zakaariyaas Birhaanu, yaadni diraamaa 'Min Litaazaz' gara biiroosaanii yoo geeffameetti kaayyoonsaa dhimmoota siyaasaa qeequu ta'usaa ni yaadatu. ። Sababiiwwan diraamaan kun jaalatamummaa ittiiin argachuu danda'e keessaa tokko TV namoonni baayyee ilaalan Faanaan tamsa'uun darbuusaati jedhu gargaaraan pirofesaraa Nabiyuun. Obbo Zariyuun gama isaanitiin, diraamichi dhimmoota 'hinxuqamneedha' jedhaman kan xuqeedha jedhu. Baroota 40 fi 60 darban keessa oggeeyyonni dhimma siyaasaa biyyattiitti bu'an hedduun baqachaa, fi dhiibbaa jalatti kan kufan hedduu ta'uu eeraniiru. Wayita ammaa kanattis TVn namoota baay'een ilaalamaa waan jiruuf, 'Min Littaazaz' bakkeewwan garaa garaatti ilaalamuuf carraa agateera kan jedhan Pirofesar Nabiyuun, dandeettii barreessitootaas dinqisiifataniiru. Haala qeequmsi cimaan ittiin dhiyaatu sirriitti beekaniiru kan jedhan pirofesarri kun, kanaafis qooddattoota diraamichaa eeruun himu. Qooddattoonni dhaabbataa ta'uun amallisaaniis beekamuun yeroo hunda waan garaa garaa dhiyeessu. Obbo Ayaalqibbat, Carbollee, Daanyee, naanneessan gaazexaa Sudaan amala isaanitiin ni beekamu. Amala isaanitiinis nu kofalchiisu. Obbo Zarihuun akka jedhanitti, dowwataanis dubbiifi gocha qooddattootaan kolfuun alatti osoo ergaasaanii hin dagatin yeroo dheeraaf kolfa. Humni diraamaa kanaas kan maddu kofalchisuu ykn qeequusaan qofaan osoo hintaane, taateewwan yaadataman torbaniin dhiyeessuu isaatiin ta'uu ogeessonni lamaanuu irratti walii galu. Haala moggaassa maqaa qoddattootaa keessatti, Liixi (Limaataawwii ximrat) fi Carboollee (Carqoofii hanga Boolee) ni mul'atu jechuun himu. ''Humni diraamichaa kofalchiisuu otoo hin taane, qeeqa kennuu dha'' kan jedhan gargaaraa piroofeessarri Nabiyyuu Baayyee 'itti kofallee akka irraa barannuufi jedhu'' Obbo Zarihuun yeroo jalqabaa siyaasa qofa osoo hin taane kan hawaasummas akka qeequ dubbatu. Siyaasni yoo geeddaramu qabiyyeen diraamichaas jabaachaa dhufee jedhu. Diraamaan walitti fufaa kofalchiisaa akkasii amala dhimmota waqtii qeequu qaba. 'Min Littaazazis kana milkeesseera' jedhu. Ejjennoon barreessitootaa kabajamuu qaba,''hojjechuu kan barbaannu dhimma siyaasaa irratti qoosuu dha yoo jedhan kabajuu,'' qabnas jedhu. Hojjetaan Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet yeroo siyaasni jabaatu jabeessanii qeeqquu malu jedhan. Ogummaan akka hiikani dha Obbo Zarihuuniif qooddattoonni akka galtuuttis tahe akka ijootti barreefaman unuun fakkaataniifi bakka bu'aniitu kaafaman. Gargaaraa piroofeesarri Nabiyyuun immoo 'Min Littaazaz' addunyaa uummata Itoophiyaaf tahu haa uumaniyyuu, dhimmi ilaalan kan Afrikaafi addunyaa irratti tahu dha. Qooddattoonni kunneen nama addunyaa isa dhugaa keessa jiru wajjin wal-fakkeenyaan dhaabbatan waan jedhutti walii hin galan. Inni gaazexaa gurguru har'a gaazexeessaa abaluu jedhamu yoo fakkaate, bor immoo isa kaan fakkaata. Yeroo itti aanutti isa kaan fakkaata. Inni aktivistii fakkaatus amalli qooddattummaa isaa ni geeddarama. '' Yaada paartilee wal mormaniifi aktivistii bakka bu'anii kan barreeffamanii dha malee waraabbii nama tokkooti jedhee hin amanu'' jedhu piroofeesarichi. Obbo Zarihuun gama isaaniin daaawwataan hiika mataa isaa kennuuf carraa akka qabu irraanfachuu hin qabnu jedhu. Akkuma yaadni gaarii kennamu hiika sirrii hin taane argatee dhagahuu akka dandeenyu kaasu. Namooti diraamicha irratti hirmaatan qaamota naannoo tokko bakka bu'ani dha jechuun hin danda'amu jedhu gargaaraa piroofeesarichi. Namooti gargaagaraa qeeqaafi leellisa isaanii qabatanii gara waajjira isaanii akka dhufan himu'' akka daawwataa kuni kana fakkaata jechuun ulfaataa dha'' jedhu Diraamichi qajeelfama Televizyinii Faanaa waliinis akka walitti hin buune obbo Zarihuun ni dubbatu. Qooddattoonni 'Min Littaazaz inni tokko isa kaanirra addatti waan bocamaniif yaadi haasa'anis adda adda dha. Kunimmoo daawwataan sirriitti akka isaan adda baasuufi wal-dhabdee uumuun diraamicha warraaqsuuf gargaareera. Xiin-sammuu,namuusaafi haalli hawaasummaa qooddattootaa sirriitti waan mul'atuuf daawwataan nama dhugaa wajjiin isaan wal fakkeeessa. Kunimmoo fakkiin qooddattoota kanaa sirriitti waan kaafaeefi jedhu. Kolfaa alatti daawwataan maal buufata? Diraamichi barsiisaaf hin qophoofne kan jedhan obbo Zakkaariyaas, bashannansiisuun alatti jireenya siaaysaa, hawaasummaafi diinagdee irratti waa kaa'ee darbuu kan kaayyefate dha. ''Ogummaan sammuu namaatti hasaasuun gadi bahanii dhakaa darabachuufi daawwitii caccabsuutiin lubbuu balleessuurra dubbiin akka sirratuuf carraa kenna'' jedhu piroofesarri gargaaraa. Otoo kolfinuu barannas jedhu ogeessoti kunneen. 'Min Littaazaz' oduu siyaasaa biyyattii keessa har'a tahu boru kolfaaf qopheessa. Dhimmoota miidiyaa hawaasummaa irratt dubbii ijoo tahan ogummaan sukkuumeefi bareechee dhiyeessa. Bilisummaa akkasii eessaa fide? Bilisummaan ogummaa, bilisummaa yaada ofii ibsachuu wajjiin wal qabataa dha. Kunimmoo heeraan kan hayyamame dha. Dur sababii garaagaraan itti fayyadama hin turre amma immoo namni waa dubbatte jedhee irree sitti agarsii du gatii hin jirreef itti fayyadamaa jirra. Obbo Zarihuun diraamichi addaan cituufi waan jedhu dhageenyeerra ''garuu Faanaan yaada keenya bilisaan dabarsuuf kan dhaabbate dha. Kanaafimmoo diraamaawwan keenyi ragaa dha.'' Jedhu. Obbo Zakkaariyaas diraamaawwan karaa raadiyoo darban irratti akka mari'ataniifi, qopheessitoota diraamaa 'Min Littaazaz' waliinis deebii uummataa irratti akka mri'atan himu. Maaltu sirrata? Piroofeesarri gargaaraa Nabiyyuu ''diraamichi gara dhimma hawaasummaa yookiin diinagdee tokkotti akka hin jigne yoo ilaaltu qopheessitoonni beekumsaan akka hojjetan beeksisa'' kalaqa isaanii dinqisiifatu. Muuxannoon barreessitootaafi qopheessitoottaa jaalatamuu diraamichaaf shoora olaanaa akka qabu kan himan immoo obbo Zakkaariyaasi dha. Yaada irra deddeebii tahe akka araganiifi diraamichi akkuma rakkoo hawaasummaa argu namoota dhuunfaa irrattis otoo xiyyeefatee gaarii dha jedhu piroofeessarri gargaaraa Nabiyyuu. Obbo Zarihuunis dhimmooti siyaasaa baay'achuu isaanii dubbatu. Yaada gegeeddaruun barbaachisaa dha jedhu.
GEM-xlsum_oromo-train-62
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56247177
Itoophiyatti bineensota bosonaa shan sodaa baduurra jiran
Itoophiyaan qabeenya akaakuu bineensota gara garaa qabaachuun biyyoota tarree duraarra jiran keessaa addunyaarratti sadarkaa afuraffaarratti akka argamtu ogeessi kunuunsa bineensota bosonaa Obbo Cammaree Zawudeen ni dubbatu.
Biyyattiin akaakuu bineensota gara garaa akka qabaattu kan taasise teessuma lafaashee, biyyoota ishee daangessanii, akkasumas biyya baddaafi gammoojjii gidduutti argamtu waan taateef jechuun qorannoo eeruun ibsu Obbo Cammareen. Kanaan dura saattawwaa Itoophiyaa keessatti arguun salphaa kan ture ta'ullee, amma garuu qormaata ta'eera. Jeedalli diddiimoon Paarkiiwwan Biyyaalessaa Gaarreen Baalee, gaara Abuune Yoseef Walloo jiru keessaafi naannoo Manzi Gassaatti kan argaman ta'anillee, yeroo ammaa kana lakkoofsi isaanii xiqqachaa dhufee bineeldota baduu malu jedhamee yaadda'amaa jiran keessatti argamu. Itoophiyaan qabeenya bineeldotaa addunyaarratti maqaa ishee dhoofsisuu danda'an kan qabdu ta'ullee, haalli bineeldonni itti jira garuu yeroodhaa gara yerootti lakkoofsi isaanii hir'achaa akka dhufe ogeessonni BBCn dubbise ni ibsu. Ogeessaafi gorsaa eedgumsaafi misooma bineensota bosonaa kan ta'e Dr. Mokonnon, Itoophiyaatti bakkeewwan bineensonni bosonaa jiraatan sirriitti eegamuu dhabuufi jeeqamuusaarraa kan ka'een walhoruu waan hin dandeenyeef hir'aataa dhufanii yaaddoo baduurra kan gahan jiraachuu dubbata. Itoophiyaatti bineensonni bosonaa shanan baduuf jedhamee sodaatama jiru isaan kam? Qorkee Siwaayin (Qorkee Itoophiyaa) Bineensi kun Itoophiyaa keessatti qofa kan argamudha. Kanaan dura bakkeewwan eegumsi taasifaman shan keessatti kan argamu ture kan jedhan Obbo Cammareen, Paarkii Biyyaalessaa Awwaash, Da'oo Bineensota Yaa'aballoo, Paarkii Biyyaalessaa Nacci Saarii keessa kan turan guutummaan guutuutti baduusaanii himu. Qorkee Siwaayin (Qorkee Itoophiyaa) yeroo ammaa lakkoofsa gaariidha jedhamuun kan argamu bakka Sinqillee jedhamu Shaashamannetti diyoo jiru keessadha. Paarkii Biyyaleessaa Maagoo kan naannoo Kibbaa keessatti argamu keessattis akka argamu Obbo Cammareen ibsaniiru. Harree-diidoo guddicha (Gireev Zebira) Itoophiyaa keessa akaakuuwwan harree sadii jiraachuun kan himan Obbo Cammareen, gosa sadan keessaa harree-diidoo guddichisa tokkodha jedhu. Gosti harree kanaa baayyinni isaa baayyee hir'achaa dhufuu ogeessi kun ni dubbatu. Addunyaarratti gosti harree kanaa Itoophiyaafi Keeniyaa keessatti qofa akka argamu dubbachuun, Itoophiyaa keessaa lakkoofsi harree-diidoo guddichaa kun xiqqachaa dhufee muraasa qofatu jira jedhu. Bineensonni kunneen eegumsi addaa isaaniif hin taasifamu taanaan, 'qabnaarraa gara qabna tureetti' kan jijjiiramu yeroon isaa fagoo miti jechuun yaaddoo qaban himu. Gadamsa Gurraacha Addunyaarra sanyii gadamsaa lama (adiifi gurraacha) akka jiran kan dubbatan Dr. mokonnon, gaanfa isaaf jecha qofa haleellaan guddaan akka irra gahu ibsu. Itoophiyaa keessa gadamsi gurraachi turellee yeroo ammaa kana garuu "sadarkaa jira hin jedhamnerra geenyeerra," jedhu. Obbo Cammareen waa'ee gadamsaa yeroo dubbatan, "Maqaadhuma isaatu hafe malee bineensi kun hin jiru," jedhan. Waggoota 30 fi 40 darban keessa gadamsa dhabneerra kan jedhan Obbo Cammareen, qorannoowwan hedduu taafiamaniin bakka tokkottillee argachuu hin dandeenye jedhan. Yaaduma Obbo Cammaree kana kan deeggaran Dr, Mokonnonis, gadamsi Itoophiyaa keessatti yeroo dhumaatiif argame kan jedhame A L I bara 1985 sulula Oomoo keessatti jedhu. Naannoo sana ammallee jira oduun jedhu jiraatus, odeeffannoon qabatamaa akka hin jirre ibsuun, kanaaf Itooophiyaa keessaa badeera jennee tilmaamna jedhu. Jeedala Diimtuu Jeedalli diimtuu bineensa foon soorattu Itoophiyaa keessatti qofa argamtudha. Sanyiin jeedalaasadarkaa addunyaatti Itoophiyaa keessatti argamtu kun bineensota bosonaa foon sooratan baduuf deemu jedhamee sodaatamaa jiru keessaati. Jeedalli diimtuu Itoophiyaa keessatti bakkeewwan torbatti kan argamu ta'ullee, yeroodhaa gara yerootti hir achaa dhufuun amma 450 kan hin caalle akka jiran qorannoon akka agarsiisu ibsu ogeessonni. Akka Dr. Mokkonnon jedhanitti, bineensonni kun badaniif sababiin guddaan dhukkubadha. Akaakuu jeedla kanaa dhukkuboonni shan kan miidhan ta'ullee garuu dhukkubni saree maraatuu addatti saroota naannoo jiranirraa isaanitti daddarbee akka isaan ajjeesu dubbatu. Jeedalli dimmtuu jireenyi isaanii gamtaan waan ta'eefis, isaan keessaa tokko too dhukkuba saree maraatuun qabame warra hafanitti salphaatti dabarsuu danda'a. Arba Arbi bineensota Afrikaa keessatti argaman namootaan miidhaa irra gahu keessaa isa tokkodha jedhu Dr. Mokonnon. Itoophiyaan waggoota 100 darba keessa qabeenya arbaa qabdu keessaa %80 akka dhabdeettu qorannoowwan ni agarsiisu jedhu Obbo Cammareen. Yaaduma Obbo Cammaree kana kan deeggaran Dr. Mokonnon ammoo Itoophiyaan baroota 1980n keessa qabeenya arbaa qabdu keessaa %80 dhabdeetti jedhu. Itoophiyaa keessa gosa arbaa lama akka jiran kan ibsan Obbo Cammareen, arbi Da'oo Bineensota Bosonaa Baabbilee keessatti argaman lakkoofsi isaanii waggaa waggaadhaan hir'achaa deemuu kaasu. Naannoo Oromiyaa Gujii keessa arbi lakkoofsi isaanii 20 gadi ta'e akka jiran ibsuun, torbanuma kana keessallee sadii ajjeefamuusaanii dha'uu dubbatu. Qabeenya arbaatiin kan beekamu Paarkii Oomoo Maagoo keessaas lakkoofsi arbaa hir'ataa dhufeera. Yeroo ammaa lakkoofsaan foyyee qaba kan jedhamu Tigiraay keessa, Qaaftaa Shiraaroo, akkasumas Baabbilee keessa ta'uu himu. Simbirroota Paarkiin abijaataa SHaalaa simbirroota bantii kaabaa irraa dhufan bakka itti argaman akka ta'e ogeessonni ni ibsu. Walumaagalatti gosoonni simbirootaa Itoophiyaan alaa dhufan 241 ta'an yoo jiraatan, 20 kan ta'an ammoo Itoophiyaa keessatti simbirroota argamanidha jechuun ibsu ogeessonni. Dhiibbaa nam-tolchee waggoota 30 darban qaqqabeen, bishaan haroowwan keessa jiran hir'achaa dhufuun isaa bakki jireenyaa simbirrootaafi wanti nyaatan dhibaa dhufnaan lakkoofsi isaanii hir'ateera. Haata'u malee, waggoota lamaan darbanii asitti bishaan haroowwanii dabalaa waan dhufeef simbirroonni deebiyaa jiru jedhu. Furmaanni maali? Lakkoofsi bineensota bosonaa hir'achaa deemuun taateedhuma addunyaati. Ardii Afrikaafi biyya keenya Itoophiyaa keessattis qabeenyi bineensota bosonaa hir'achaa dhufeera. Kanaaf ammoo sababoonni gara garaa kan jiran yoo ta'u, inni duraa garuu lakkoofsi ummataa dabaluu ogeessonni ragaa bahu. Sababii akka bineensonni bosonaa hir'atan taasisu biroon ammoo bakki jiraatan itti dhiphachaa dhufuu isaati. Bakkeewwan adamoon seeraan alaa jiranis lakkoofsi bineensota bosonaa baayyee hir'ataa dhufuufi baduuf akka sababaatti eerama. Invastimantiin babal'achuu, bakkeewwan bineensonni bosonaa jiraatan dhiphachaa deemuus akkasuma lakkoofsi bineensota bosonaa akka hir'achaa deemuuf gahee taphatu qaba jedhu. Bineensota bosonaa kan kunuunsinu ykn eegumsa taasifnuuf waanmiidhaganiif ykn uumama waan ta'aniif qofa miti kan jedhan Obbo Cammareen, "Jiraachuufi jiraachuu dhabuu dhala namaatiif barbaachisoodha," jedhan. Bineensonni bosonaa jiraachuun dhalli namaa akka jiraatuuf murteessaa ta'uun hubatamee, mootummaan fayyadama lafaa ilaalchisuun imaammata rakkoo kana furu mijeessuu qaba jechuun gorsu. Imaamman lafaa walfakkaataa ta'e yoo jiraate, bosonaaf, misoomaaf, jireenya bineensota bosonaatiif kan jedhu sirnaan daangessuun ni danda'ama jedhan. Hawaasni naannoo bineensonni bosonaa jiran jiraatan, wantota bu'uura jireenyaa ta'an ittiin jiraatan guutuufiin barbaachisaadha jechuun dubbatan. Bineensonni bosonaa hambaa biyyaafi dhaalmaa dhalootaati kan jedhan Obbo Cammareen, hambaa maallaqaan bakka hin buufamneefi dhaalmaa dhalootatti darbu kana akka hin badneef kunuunsuu barbaachisa jedhan.
GEM-xlsum_oromo-train-63
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47613630
Godina Gujiifi Geediyoo keessaa namoonni kumaatamni buqqa'uu miidiyaaleen gabaasaa jiru
Oromoonni Gujiifi sabni Geediyoo baroota dheeraaf ollummaan waliin jiraataa turan.
Lameen isaaniiyyuu bara bulchiinsa mootii Haayilesiillaasee kutaa Sidaamoo jalatti bulaa turan. Bara Dargii keessas akkasuma haala walfakkaatuun kutaa bulchiinsa Sidaamaa jalatti waliin bulaa turan. Gujiifi Geediyoon erga ADWUI'n gara taayitaatti dhufee sirna federaalizimiin ture kan isaan bulchiinsa amma jiran kanatti qoodamuun buluu jalqaban. Amma Gujiin Naannoo Oromiyaa jalatti Geediyoonis Naannoo uummattota Kibbaa jalatti godina mataa isaanii qabu. Hawwaasa Gujiifi Geediyoo gidduu bulchiinsa duraan ture jalattis tahu walitti bu'insi darbee darbee akka uumamu ni himama. Akkuma naannoowwan ollaa kaan giduutti uumamu qabeenya lafaa waliin wal qabtee akka tahes qorattotni barreessaniiru. Sababni buqqaatii ammaa hoo maali? Buqqaatiin amma uumames bara darbe dhalattota Gujiifi Geediyoo gidduutti walitti bu'insa uumameen walqabateeti. Bara darbe ji'a Ebla keessa walitti bu'insa uumameen namoonni du'uun, manneetiin gubachuun kumaatamaan ammoo gama lameeniinuu namootni qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru. Haalichi torbanoota muraasaaf tasgabbaa'ee turus ji'a Caamsaa keessa deebi'ee ka'uun ittuu caalchise. Namoonni ajjeefaman, manneetiin gubatan, dhaabbileen daldalaafi konkolaataawwan gubachuun gabaafamaa ture. Kana irraa kan ka'e namoonni hedduun qe'eefi qabeenya isanii dhiisuun baqataa turan. Dhalattonni Geediyoo Godina Gujii Lixaafi Bahaa keessaa jiraataa turanis qe'ee isaanii dhiisuun gara naannoowwan Godina Geediyootti galuun buufatan. Namoonni buqqa'an hammam tahu? Dhaabbanni Baqattoota Adunyaa [IOM] walitti bu'insicha booda gabaasa baaseen Godinaalee kana keessaa daangaa irraa dabalatee Geediyootti walitti bu'insa uumameen namootni kuma 970 tahan buqqa'aniiru. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii jalatti Waajjirri Mirga Namoomaa garuu lakkoofsi namoota qe'ee isaanii irraa buqqa'anii 818,000 akka tahe gabaaseera. Kanneen keessaa 642,152 kan tahan Godina Geediyoo keessa akka jiraniifi kan hafan 176,098 tahan garuu Godina Gujii keessa akka jiran gabaasera. Sarbamni mirga namoomaa maalfakkaata? Buqqaatota kanneeniif qabinsi mirga namoomaa sirriin hin taasifamne jechuun komiin dhagahamaa ture. Ji'a Adoolleessa darbe keessas hawaasni addunyaa buqqaatota kanneen irraa gurra cufateera jechuun Waldaan Qaxxaamura Diimaa komatee ture. Haalli isaan itti jiran mirga namoomaa isaaniillee eegsisuuf kan mijatu miti, manneetii barnootaa, manneen amantaafi biiroowwan keessa akka ciisaniifi waan uffatanillee akka hin qabne beeksiseera. Buqqaatonni kunneen nyaataafi bishaan dhugaatii qulqulluu illee argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Tibbana ammoo beela'anii waan nyaatan dhabuun dhkkubsachaa akka jiraniifi hanga du'aattillee ga'aa jiraachuu miidiyaalee idileefi hawwaasaan gabaafamaa jira. Raadiyoon Sagalee Jarman dursaa amantaa tokko wabeeffachuun akka gabaasetti buqqaatota Godina Gujii jiran keessaa guyyaatti namni sadii hanga afurii sababa hanqina nyaataan du'uu gabaaseera. Ze Gaardiyaan ammoo mootummaan buqqatonni kunneen gara qe'ee isaaniitti deebi'uu qabu jechuun deeggarsa iyyuu irraa kuteera jechuun gabaase. Kunis gaga'aminsa mirga namoomaaf sababa akka taheefi deeggarsa dhabuu irraa kan ka'e dhukkubaaf saaxilamaa jiraachuu isaanii himamaa jira. MM Abiy Ahimed yeroo uummata Geediyoo buqqa'e daawwatu Ministirri Nagaa Aadde Mufiriyaat Kamiil, ''Yaadni deeggarsi tokko illee isaaniif godhame hin jiru jedhuufi sarbama mirga namoomaa irratti haasa'amu dogogoradha,'' jedhaniiru. Haatahu malee haalichi hamaadha jedhamee erga haasa'amee MM Abiy Ahimedis deemuun daawwataniiru. Itti-aanaan Itti-gaafatamaan Biiroo Dhimmoota Komunukeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafaa namoonni sababii walitti bu'insa Oromoo Gujiifi Geediyoo gidduutti uumameen gama saba lamaaniitii buqqa'insi akka ture himanii, buqqaatonni kunneen qe'ee isaaniitti deebiyaa jiru jedhan. Aanga'aan kun akka jedhanitti warra gargaarsi barbaachisuuf adda baafachuufi hanga gargaarsi qaqqabutti harkifannaan xiqqoo jiraatullee buqqaatota gara qe'ee isaaniitti hin deebiyiin jiraniif gargaarsi qaqqabaa jira jedhan. Kanaan alatti ammoo jedhan Obbo Dheeressaa, namoonniifi dhaabbileen gara garaa dubbii harbeessuufi afarsuun daldala siyaasaa ittiin gaggeeffachaa jiraachuu isaaniillee ibsaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-64
https://www.bbc.com/afaanoromoo/50328664
Aadaa Geerarsa Oromoo: Jifaara saglan geerarsaa beektuu?
Badhaadhina Afoolaa Afaan Oromoon ittiin beekamu keessaa tokko geerarsadha.
Hayyuun Seenaafi Aadaa jifaarawwan sagalan geerarsaa akkasiin ibsu. Geerarsi bara dhufaa darbaa kan hawaasni haala jiruufi jireenyaa isaa, gaddaafi gammachuu isaa, obsaafi hamilee isaa ittiin ibsatu. Hayyuun seenaafi aadaa Obbo Charinnati Waaqwayyaa, geerarsi dhaadannoodha yookaan ammoo beennata jedhamee beekama jedhu. Namni jiruufi jireenyasaa yeroo gaggeeffatu geerarsaan kan jedhan hayyuun seenaa kun, geerarsi qalbii namaa fuudhee kan deemuufi humna qabudha jechuun ibsu. Geerarsi miira kamiyyu ni ibsa. Gammachuu, gadda, roorroofi haala namni itti jiru kan agarsiisu afoola waan baayyee of keessatti qabatudha jedhu. Akka Obbo Charinnat jedhanitti taanaan geerarsi bakkaafi haala itti geeraramutu barbaachisa. Kana jechuun, geerarsi yoomessa mataa isaa ni qabaata jechuudha. Inni daldalu yeroo daldalaaf deemu geeraruu danda'a. Inni [doonii] oofus, inni xiyyaara oofus bakkuma bakka isaatti haala keessa jiruufi waan hojjetu geerarsaan ibsata." Jifaara geerarsaa sagaltu jiru Hanga ammaatti gosa geerarsaa qorannoodhaan adda bahan sagaltu jira jedhu qorataan aadaa fi seenaa Obbo Charinnat. Kunis jifaara saglan geerarsaa jedhama jedhan. Jifaara geerarsaa kana keessaa ka'umsa kan ta'e faarsuu jedhama. Faarsuun kun ammoo mataafi mana ofiirraa jalqaba jedhu. Fakkeenyaaf: Birbisa mootii mukaa Funyoo malee yaabuuree Abbaan ofii gooftaadha Haati ofiisoo giiftiidhaa Isaan malee waamuuree...kan jedhutu geerarsa faaruu ibsa jedhan. Kana keessatti haati ga'eesheetiif geerarsaan ni faarfamti; abbaanis akkasuma. Jiruufi jireenya keessatti geeraraan tokko mana isaa, maatii isaa, haadhaafi abbaa isaa faarsuurraa jalqaba kan jedhan Obbo Charinnat, achirraa ammoo lammii isaa faarsuun geeraruutti darba. Kana malees, midhaanis faarsuun, loon isaas, jiruufi jireenyas faarsuu ni danda'a geeraraan tokko. "Wanti faarsan baayyeedha. Hiriyyaa isaallee faarsuu ni danda'a namni." Jifaarri geerarsaa lamaffaan geerarsa gootaadha jedhu hayyuun seenaafi aadaa kun. Dura gooti eenyudha kan jedhuu beekamuu qaba. Akka Oromootti goota jechuun jedhan, "Nama ummataaf dararameefi wareegamedha. Namni geerarsi gootummaan geeraramuuf kana keessatti ilaalama." Akkas jedhee jalqaba geeraraan gootummaa: Wayyaa koo dhuma hin oolle Maaliifan hiddiirraa qabee Gurra jirbii balleessa Irruman buta malee; Lubbuu koo du'a hin oolleef Maaliifan diinarraa dheessa Gurra abbaa koo balleessaa…. Akka Obbo Charinnat jedhanitti geerarsi gootummaa nama ni madaala. Oromoon waan sadii ilaaluun gootummaan faarsa--goota, arjaafi beekaadha jedhu. Gahumsa ofii ibsachuuf waan geeraramuuf geerarsi umurii Qeerrummaa irraa jalqabee shaakalama. "Oromoon waan hin ta'iin ta'eera hin jedhu; waan hin qabnes qaba hin jedhu. Kanaaf, kan hin jirreefi hin qabneen hin geeraramu. Kan geerartu kan ummata biratti mirkanaa'aa ta'eefi ummati kan beeku ta'uu qaba." Jifaarri geerarsaa kan biraan, geerarsa ajjeesaadha. Akka isaan jedhanitti ajjeesaa kan jedhamu addamsituudha. "Akka ar'aa kana namoonni kilaashiinkooviitiin arbafaa ajjeessanii sirbu miti dur. [Cuubeetiin] harkaan arba qabatee wallaansoo qabee ajjeesa. Eeeboon shaanfoo jedhamu jira, eebootiin darbatee waraanee ajjeesuun geerara." Itti aanee kan jiru ammoo geerarsa qonnaan bulaadha jedhan. Qonnaan bulaan waa'ee omishaafi midhaan isaa geeraruu ni danda'a. Xaafii isa dhuka sadii Gurguraan isaa nama sadii, Boqqolloo isa shumburaa Lama shanan gurguraa…jechuun kan itti fufutu jira. Geerarsi inni shanaffaan geerarsa daldalaati akka Obbo Charinnat ramadanitti. Hojiin qonnaan bulaafi daldalaan tokko miti; geerarsi isaaniillee akkasumadha. Fakkeenyaa: Ooshee ooshee ya bullaa Angatoo lookoo teephaa Waan miilanaa meeqaa Lakkoofsa isaa situ beekaa… jedhaa geeraraa harree oofu jechuun yeedaloodhaan miidhagsanii ibsu. Geerarsi kan biraan geerarsa cigoodha jedhu. Geerarsi cigoo kun yeroo ammaa kana gara addaa addatti uumanii waliif deebisuun walmorkachuudha ykn 'monologue' kan jedhamutti jijjiirameera. Geerarsi cigoo kun ammaafi ammatti uumuudhaan deebii bifa cigoon geeraruu waan ta'eef bilchina kan agarsiisudhas jedhu. "Sammuun isaanii hangam saffisaan walaloofi yeedaloo qindeessuu akka danda'udha kan agarsiisu." Akaakuu geerarsaa kana keessatti inni tokko isa kaan arrabsa. Tokko ajjeesaa ta'ee kaan ammoo kan biraa yoo ta'u kanaan wal ciguu danda'u jechuudha. Inni tokko takkaa yoo jedhu inni kaan ammoo ni deebisaaf. Jifaarri geerarsi torbaffaan geerarsa roorroo jedhama. Kanaaf fakkeenya yeroo geerarsaa ibsan akkas jedhan: Qiixxaa eelee sibiilaa Ya irraan bukatashee Ya jalaan gubatashee Isa beekuuf gabbinaa Isa hin beekneef salphinaa... Midhaaniin midhaan nyaachuun Raacatiin haa raawwatu Alagaa waliin duuluun Goobanaan haa raawwatu…. Geerarsi gosa saddetteffaa ammoo abbaltii jedhama. Akka hayyuun kun ibsanitti geerarsi abbaltii hawwii fuula duraa ibsachuuf kan geeraramudha. Jifaarri geerarsaa saglaffaan ammoo geerasa gaabbiidha. Akka Obbo Charinnat ibsanitti geerarsi bakka fedhetti yoo geeraramanis jifaara saglan kana jalatti ramadamu. Cooka geerarsaa Geerarsi akka jifaara isaatti yeroo geeraramu namoonni hirmaatan ykn dhaggeeffatan geeraraa sana jalaa ni qabu. Jalaa qabuun sun cooka jedhama. Cookuun kun namoonni baayyatanii yeedaloo bareedaadhaan waliin ta'uun ergaa geerarsaa sanaaf deebii kan ta'u ykn kan geeraraa jiru cimsuufi kakaasuudha. Cookuun karaa biraatiin akka sagaleen isaa jalaa hin ciccinne gargaara. Fakkeenya cookuu hedduu Obbo Charinnat yeedaloon ibsan keessaa tokko akkas jedha: Akka baalsasaafoomii buqqee ganna nyaatu Akka jaalalaafoomii bukkeetti walbaatuumii Dabalimee, geerarimee…. Geerarasaan nama nama dhaanu komachuutii hanga bulchaa cunqursu qeequutti dubbii dachaafi baaqqeen himu. Yaada isa dubbii qaraan ibsachuu hanqatan geerarsaan labsu. Hayyuun Fookloorii kan tahan Dr. Darajjee Fufaan ammoo geerarsi oguma waan taheef, Oromoon ittiin of himata, seenaa waan taheefi ammoo bu'aa bahii jireenyaa ittiin dubbata. Geeraraan lafa namni walitti qabametti onneen haa dhuftuufiyyuu malee laftii hundi kan geeraraati jedhama. Barsiisaan fookloorii dubbisnes, ''cidha, daboo, gadaa bobba'aniillee gaafa laga bulan halkan ka'anii geeraru, karaa gaafa deeman dadhabbii ittiin bahuuf, mukuu itti bahuuf ni geerama'' jedhu. ''Mallattoo eenyummaa keessaa tokko waan taheef geerarsi lafa Oromoon jiru hundumaa jira'' jedhu doktar Darajjeen. Muffii, gadadoofi dararaa sabaa geeraraan kan garaa garaatu beeka jedhee hin hambisuu laphee dhiibbatee jecha isaa qaratee addabaabyitti dhoosa. Oromoon geerarsa isa jagnummaa ittiin lallabu, isa hiriyyeefi jaala ittiin lellisu isa biyyaafi goota ittiin faarsu afaanumaan ilmaansaatti himee dabarsaa asiin gahee jira. Kanaais, geerarsa keessa kuufama seenaa guddaatu jira. Akka namoonni dhimma kanarratti qoratan jedhanitti, waltajjiin geerarsa jajjabeessu badaa waan dhufeef geerarsi qabbanaa'aa dhufeera. Gosti geerarsaa ajjeesaa keessumaa ajjeesuun dhorkaa tahuu isaarraa kan ka'een jifaarri geerarsa ajjeesaa qabbanaa'uun ni himama. Hayyuuwwan seenaafi aadaa akka dhaamanitti, Afoola Oromoo madda seenaafi aadaa guddaa ta'e geerarsa dhalootaaf dabarsuun barbaachisaadha jedhu. Afaan qofaan dabarsuurra darbee bifa qorannoo qindaa'aa ta'een gabbisuun dhalootaaf dabarsuun itti gafatamummaa hundaadhas jedhan.
GEM-xlsum_oromo-train-65
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56847721
Lola waraanaa Tigraay: UN baqattoota Eertiraaf Naannoo Amaaraa Dabaarqitti kaampii ijaaruuf
Ji'a jaha dura lolli Naannoo Tigraay keessatti dhalachuun walqabatee naannicha keessa kan turan kaampiiwwan baqattootaa gurguddoon lama hojiin ala waan ta'aniif Naannoo Amaaraa Dabaarqitti buufanni baqattootaa ijaaramuuf ta'uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Ejensiin baqattootaa fi kanneen baqaa deebi'anii waliin ta'uun bakka kaampiiwwan baqattootaa lama Tigraay keessaa akka cufaman ta'ee, magaala Dabaarqitti ijaaruuf bakki adda baafamera. Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii bakka ijaarsaaf filatametti kaampii ijaaruuf ragaalee seraa feesisan hanga guutamanitti eegaa akka jiru yaada BBC'f kenneen mirkaneesseera. Akka ragaa dhaabbaticharraa argametti ganni osoo hin galiin ijaarsi isaa raawwachuun baqattoota qubachiisuuf karoorfameera. Baqattoota Ertiraa Finfinnee jiran Sadaasa 23 lola naannoo Tigraayitti eegalame hordofee kaampiiwwan baqattoota Eertiraa daheessanii turan Hitsaatsiifi Shimalbaa jedhaman hojiin ala ta'uu isaaniin baqattootni Eertiraa hedduun gara kutaalee Itoophiyaa garaagaraatti faffaca'an. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa yeroo sanitti baqattootni 21,000 ol kaampiwwan kana keessa turan iddoo biraatti baqachuu ibseera. Komishinichi gariin baqattoota kanaa kaampiiwwan biroo Addii Haruushifi Maay Ayinii galaniirus jedhee ture. Kanneen keessaammoo hanga ammaatti baqattootni 2,500 ta'an Finfinnee akka jiran jaarmiyaan baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii galmee gaggeessaa jirurraa hubachuu, hoogganaa olaanaan Ejensii baqattootaa fi warra baqaa deebi'anii kan ta'an obbo Tasfaahuun Gobezaay BBC'tti himaniiru. Kaampiiwwan lamaan tajaajila kennaa jiranitti kanneen galaniin ala warra jiran barbaadanii galmeessuuf hojjetamaa jira jedhan. Kaampiiwwan baqattootaa kan bulchu Jaarmiyaan Baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii hanga ammaatti magaalaa Finfinnee keessatti baqattootaa fi kooluugaltoota 45,000 galmeessuu isaa dubbii himtuun dhaabbatichaa damee Itoophiyaa Elsaabeex Arseendoorf BBC'f himteetti. Deebii gama imeeliin erganiin kanneen galmaahan keessaa 25,255 dubartoota jedhan. Baqattootni maal jedhu? Baqattootni Eertiraa sadii BBC'n magaala Finfinneerraa dubbiseen ofii isaanii dabalatee hedduun isaanii galmaahuu himaniiru. Haata'u malee gara kaampiiwwan ammallee hojiirra jiraniitti deebi'uu hin feedhan. Maqaa isaa nageenyaaf jecha jijjiiree kan himatu dargaggoon tokko magaalaa Finfinnee keessatti kondominiyeemii keessa hiriyoota isaa hedduu waliin akka jiraachaa jiru hima. Deeggarsa xiqqaa firoota isaa biyya alaa jiran irraa argatuun akka jiraatuufi hedduun isaanii jireenya walfakkaataa akka gaggeessan dubbateera. Sababni kaampiiwwan Tigraay keessa jiranitti deebi'uu hin feeneef haleellaan nurra gahuu mala kan jedhu akka ta'ellee dubbateera. ''Loltoota Eertiraatu nu ajjeesaa xiiqii jedhuun nuun akka hin miine jennee sodaanna.'' Hoogganaan Ejeensii baqatattootaafi warra baqaa deebi'anii obbo Tesfaahuun, yaaddoo dargaggoo kanaa qooddachuun ''dogoggorri kana dura hojjetame irra deebi'amuu hin qabu'' jedhan. Kanarraa kan ka'ees kaampiin baqattootaa kun bakka baqattootni irraa baqatanii dhufan irraa fagaatee ijaaramuun hojii dursi kennamuuf ta'eera jedhan. Mootummoonni Gamtoomaniis yaaddoo nageenyaa baqattootni kaampiiwwan irraa dhufaniitti deebi'uurratti qaban ni hubataa jedhaniiru Elsaabeex. Baqattootni kun wayita kaampiiwwan Tigraay turan kaampiiwwan keessatti osoo hin hafiin waraanni yeroo gaggeeffamu argineerra jedhu. Kaampiiwwan kana keessaa baqatanii hanga Finfinnee galanittis miidhaawwan sukanneessaan akka isaan mudate himaniiru. Erga Finfinnee dhufaniillee tajaajila fayyaa dhabuu komataniis, hoogganaan Ejensii baqattootaa fi warra baqaa deebi'anii garuu Eertiraatti deebifamna sodaa jedhuun dhokatanii waan tureef tajaajilicha argachuu dhaban jedhaniiru. Baqattoota kanneen keessaa ammoo kaampii kamuu galuu kan hin feene jiru. Baqataan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko biyya biraatti ce'uuf adeemsarra jiraachuu, mana kireeffatee akka galuufi hojiis akka qabu himee, adeemsi isaa kun akka hin gufanne yaaddoo qabaachuu ibseera. Obbo Tasfaahuun baqattoota akka kanaaf Itoophiyaan hayyama ni kenniti jedhanii, dhaabbileen deeggartootaas baqattoota kana ijaaruurratti waadaa galan kabajaa hin jiran, sana akka kabajan waamicha goona jedhan. Lola naannoo Tigraayiin walqabatee ji'oota sadii keessatti qofa baqattootni Eertiraa 156 ta'an sababoota garaagaraan to'annoo jala oolanii akka turan Komishiniin Poolisiin Finfinnee ibsee ture. Jaarmiyaan baqattootaa mootummoota Gamtoomanii magaalaa Finfinnee keessatti baqattoota galmaahaniifi kooluugaltummaa gaafatan gargaartota isaa waliin ta'uun nageenya isaanii mirkaneessuuf akka hojjetu ibseera. Hayyama baqattootni kaampiin ala magaalaalee keessa jiraatan qaban keessaa tajaajiloota fayyaa murtaahan, barnootaafi tajaajiloota bu'uraa mootummaan uummataaf kennu argachuu akka ta'an aadde Elsaabeex himaniiru. Baqattoota Eertiraa Tigraay jiran kan ilaallatuun dhaabbatichi baqattootni kun ragaa barbaachisu akka qabaataniifi tajaajila feesisu akka argatan gochuuf hojii adda baasuu hojjechaa jirras jedhaniiru dubbii himtuun dhaabbatichaa damee Itoophiyaa aadde Elsaabeex.
GEM-xlsum_oromo-train-66
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53951001
Koronaavaayirasii: Dhukkubsattoota Covid-19 miira funfachuusaanii dhaban
Miirri dhandhamuu yookiin funfachuu dhabuun mallattoolee koronaavaayirasii waliin wal qabataniidha.
Keet Maakheeniri fuuladuraafuu foolii fuunfachuu nan dhaba laata jechuun yaaddofteetti Namoonni muraasni akkuma durii fuunfachuu yookiin dhandhamuu yoo danda'an isaa kaan ammoo haala ‘parosmia’ jedhamuuf isaan saaxileera. ‘Parosmia’ jechuun haala namni tokko miira funfachuusaa dhabuuti. Keet Maakheeniri bishaan ujummoo keessaa bahu ishee jeeqa. Kanaaf, qaama dhiqachuuyyuu rakkatti. Dubartiin ganna 37 baatii Bitootessaa keessa eega mallattoo jiddugaleessaa koronaavaayirasii mul’iste boodadha kan miirashee funfachuu dhabde. Walakkaa ji’a Waxabajjii keessa garuu wantoonni adda addaa “foolii gaarii hin taane qabaachuu jalqaban”. Isheenis furdina hir’isteetti, sodaa qabdi akkasumas gammachuu nyaataa, dhugaatii fi hariiroo namoota faana qabdu irra deebii qabaachuu feeti. Rakkinni ishee baay’ee hamaadha, bakka nyaanni itti bilchaatutti fooliin gaarii funfachuu waan hin dandeenyeef ni rakkatti. Sodaanshee inni guddaan kana booda miira funfachuushee irra deebii argachuu hin danda’u kan jedhudha. “Nyaata gaarii nan jaaladha, manneen nyaataa deemee nyaachuu, hiriyyoota kiyya waliin dhuguu ammatti garuu sun hundi hin jiru. Anaaf dhandhamni foonii gaazii gaazii natti jedhaa,” jechuun dubbatti. Namoonni Covid-19 qabaman miira funfachuusaanii dhabu. Sababni isaas vaayirasichi tiishuu fi narvii funyasaanii waan miidhuufi. Haalli kunis yeroo baay’ee qufaa, saayinasii fi miidhaa mataa waliin walqabata. Miidhamtoonni waan gubataa jiru funfachuu, aara sigaaraa yookiin foon foolii bade funfachuu ibsu. Yoo haalli kun hamaa ta’e ammoo foolii sun namni akka hoqqisu taasisuu danda’a. Dubartiin biroo Paaskuwel Hesteer'f immoo fooliin saamunaa ilkaanii baay’ee gadheedha. Kanaaf jecha ilkaan ishee soqiddaan rigatti- akka isheetti soqiddi gaariidha. Isheenis eega koronaavaayirasiin qabamte boodadha kan miira funfachuushee dhabde. “Miira funfachuu dhabuun kiyya sammuu kiyyaaf ulfaataa ture. Diina kiyyaafuu kana hin hawwu.” Barattuu seeraa kan taate Biruuk Joonsimmoo ji’a Ebla keessa ture mallattoo eega mul’iste booda koronaavaayirasiin kan qabamte. Isheenis wanti isheen funfattu marti foolii “foon gaarii hin taanee” akka qaban himti. Biruuk dabalataanis akkas jetti: “Yeroo haala kiyya namootaaf ibsu waan qoosu se’anii natti kolfu – waan foolii gaarii hin qabne funfachuu hin danda’u.'' ''Dhiibbaan Covid-19 baay’ee hamaa akka ta’e beeka, ta’us garuu namni kamiiyyuu yoom yookiin haalli kun akka fooyya’uu danda’u sitti simu jira jedhee waan hin yaadneef baay’ee na sodaachisa,” jechuun dubbatte. Namoonni Covid-19 qabaman miiraa funfachuu dhabuu rakkatan lakkoofsi isaanii hammam akka ta’e beekuun rakkisaa ta’us, namoonni kumaatamatti laakka’aman garuu miira dhandhamuu dhabuun rakkatu. Piroofeesar Kileer Hoopkinsi ‘British Rhinological Society’tti daayirektara yoo ta’an “yaadni dogoggoraa” sababa Covid-19 miira funfachuu dhabuun yeroo gabaabaaf tura jedhu jira jedhu. “Eeyye, carraan irra deebiin miira ofii argatan jira ta’us garuu namoonni baay’een miira funfachuusaanii yeroo dheeraaf dhaban jiru.” Funfachuun miira akkasumas yaada keenya keessatti gahee ol’aanaa qaba.
GEM-xlsum_oromo-train-67
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53040849
Hidha Haaromsa Abbay: Biyyoonni sadan akkaataa sadarkaan jalqabaa bishaan itti guutamurratti wal-hubannoorra gahan
Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan akkaataa Hidhi Haaromsaa Abbaay bishaan sadarkaa jalqabaa itti guutamuu, hanga bishaan naankaluurra yaa'uufi adeemsa akkamiin goginsi to'atamuu akka qabburratti walhubannoorra gahuu isaanii Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa beeksise.
Ministeerichi ibsa har'a (Waxabajji 14, 2020) mariin biyyoota sadanii maalirra akka jiru ilaalchisee baaseen, danbiiwwan nageenya Hidhichaa, qorannoowwan dhibbaa naannoofi hawwaasummaa ilaalu gaggeessuu, akkasumas akkamitti akka qajeelfamawwaniifi danbiiwwan hojiirra itti oolfamuu qabanirratti walhubannoorra gahameera. Marii dura bu'ummaa Sudaaniin gaggeefamaa jiru kanaan, biyyoonni sadeenuu Dilabata harraa qajeelfamwaaniifi danbiiwwan bu'aawwan marii gaggeeffamee wal jijjiiru jedhamee eegama. Ministeerichi ibsa isaa kanaan dabaluunis, marii milkaa'aa guyyoota darban keessa taasifamaniif beekamtii kennaa, Itoophiyaan qabxiiwwan shanan asiin gadiitti tarreeffaman xiyyeeffannoon akka ilaaltu ibsiteetti. Tokkofaa, mariin taasifamaa jiru akkaataa bishaan Laga Abbaayyaa qooddachuurratti miti. Lamaffaa, Itoophiyaan akkaataa bishaan sadarkaa jalqabaa ittiin guutamuufi opperssehiniin Hidha Haaromsaa waggaadhaan akkam ta'uu akka qaurratti qajeelfmootafi danbiiwwn biyyoota lamaan waliin mallatteessite hojiirra oolchiti. Sadaffaa, waliigalteen akkasii kun labsii ulaagaaee Bitootessa 2015 ture kan ulaalgaalee idil-addunyaa pirojektii Hidha Haromsa kanaaf ni hojjetu jedhamaniin ni qajeelfama. Afraffa, yaaliin hawaasa addunyaa burjajessuuf taasifamu kamiyyu ykn ammoo duullii dhiibbaa cimaa uumuun akka Itoophiyaan waliigaltee bara sirna bittaa kaa'amee ture fudhachuun bishaan Abayyaa irraa kan isheef malu akka hin fayyadamne taasisuu fudhatama hin qabaatu. Shanaffaa, waliigaltee gama hundaaf bu'aa buusuun (win-win) ta'een xumuruuf mariin qajeelaafi haqa qabeessi wal amanuufi iftoomina qaburratti hunda'e barbaachisaa akka ta'e Itoophiyaan cimsitee ni hubachiifti. Haata'u malee, ibsa dubbii himaan Ministeera Qabeenya Bishaaniifi Jallisii Masirii Waxabajji 13, 2020 baasee ture kan nama gaddisiisudha jedha Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa. Dubbi himaan sun "Mariin waliigalteef taasifamu sababii Itoophiyaatiif masiisaa ta'aa jira" jedhus dhugaan jiru garuu jijjiirama argamsiifneerra. Hanqinni yoo jiraatees sababii Masiriin waliigaltee durii kan bara sirna bittaa keessaatiin dhuunfattee qofaa itti fayyadamtu sanarratti cichuusheetiin ta'a jedheera ibsi kun. Gara fuula duraattis, biyyoonni bu'aa marii waliigalteef taasisaa jiran kan ol kaayyachuun, dhimmoota hafan irratti waliigaluu barabaachisuuratti irratti mariyachuun itti fufuu jedha ibsi Ministeera Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa kun. Mariin karaa viidiyoo konferaansiin taasifamaa jiru kun Wiixata Waxabajjii 15, 200 akka itti fufee gaggeeffamu Ministeerichi dabaluun beeksiseera.
GEM-xlsum_oromo-train-68
https://www.bbc.com/afaanoromoo/49806785
Isheen Eenyu? 1: Jiruu biyya Arabaa irraa hanga investeraatti - seenaa Fatihaa Mohaammad
Yeroo baay'ee dubartoonni dhiibbaa garaagaraatiin utuu hin milkaa'in hafanii jireenyi isaanii gadadoof saaxilamuun akkuma jiru kanneen onnatanii hojjetanii kaaniifillee fakkeenya ta'anis hedduudha.
Qophii keenya waa'ee dubartootaa irratti xiyyeeffatu kanaan nama Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee keessatti laga Eerer irratti hojii misooma qonnaa qaban isin biraan geenya. Namni kun muuxannoofi mudannoo qaban nuuf qoodaniiru. Maqaan kiyya Fatihaan Mohaamad jedhama. Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileettan dhaladhe. Wayita umuriin kiyya amata 12 warri kiyya Araba tokkotti na heerumsiisan. Namni isaan itti na kennan kun Sa'uudii Arabiyaarraa dhufe. Maallaqa hedduudhaan deema. Biyya isaanii amata 28 taa'eera. Jiruu biyya Arabaa Amata 28 keessatti yeroo lama qofan Itoophiyaa dhufe. Amata hanga kana wayitan achi turetti waa'ee Itoophiyaa waan gaarii irraa dhagahee hin beeku. Itoophiyaa kana beelaa fi gadadoodhaan ibsu. Anaanillee biyya beelaarraa dhufte waan naan jedhaniif keessi kiyya hedduu na dhukkubsata. Ani kanan beeku biyyi kiyya badhaatuu kan uumaan badhaase akka taateedha. Biyyi kiyya irraa fi jalaan kan badhaate lalistuu kan taate qe'ee kootu ija koo dura dhufa wayita isaan hiyyummadhaan na arrabsan. Biyya isaaniittimmoo ashawaa malee biyyeen oomishaaf tolu illee hin jiru. Ashawaarraa bishaan ho'aa kan danfu baasanii qabbaneessanii itti fayyadaman isaan. Biyya alaarraa biyyee bitanii oomishaaf itti fayyadamu. Biyyi kiyyammoo bakki deemtu hunda bakka oomishaati. Kanatu waan hundaaf ka'umsa naaf ta'e. Maallaqa guduunfachuu Jechoonni waa'ee Itoophiyaarratti warri Arabaa dubbatan akkan jabaadhee maallaqa walitti qabadhuuf ka'umsa naaf ta'aniiru. Anillee kana hubadheen jireenya qananiifi bashannanaa dhiiseen maallaquma guduunfachuu eegale. Qarshii na harka galu hundumaa hinuman awwaala. Haala kanaan qarshii kuufadhee wayitan birrii Itoophiyaa naannoo miiliyoona 20tiin ga'adhu qalbiin kiyya gara biyyaa na yaaduu eegalte. Wayitan maallaqa kuufadhee hojii investimentii biyya kiyyatti hojjechuuf kutadhee ka'e sanatti mootummaan Itoophiyaa namuu biyyasaatti hojjetee akka badhaadhuuf waamicha dhiyeessaa ture. Anis carraa sanatti fayyadameen karaa Ministeera Dhimmaa Alaatiin xalayaa iyyataa waa'ee hojii investimentii gaafatu galfadhe. Haala kanaan affeerraa mootummaa Itoophiyaatiin ALI bara 1998 galeen haala hojii mijeeffadhee deebi'e. Gamoo ijaaruu moo uummata beela baasuu? Bara 1999 wayitan deebi'ee biyyatti galu mootummaan hojii investimentii naannawa magaalaa Finfinneetti akkan hojjedhu naaf kennee ture. An garuu baadiyyaan keessaa dhaladhetti jijjiirama fiduun barbaadan ture. Uummata rakkatee jiru bishaan obaasuu, beela baasuun kaayyoo koo jalqabaa ture. Mootummaan garuu ati dubartiidha, maallaqa guddaa baatta, asuma naannawa Finfinneetti lafaa siif kenninaa hin fagaatin naan jechaa ture. An garuu sana dideen Baabbileetti galee hojii kana eegale. Ergasiis qaamni mootummaa haala naaf mijeesseen hojii qonnaa kana eegale jechuudha. 'Yookiin akkakoo taatu, yookiin akka keessanin ta'a' Sanyiin an irraa dhaladhe bishaan irra ciisee dheebota, biyyee gabbataarra taa'ee beela'a, kanaaf uummata kana fayyaduun fedha jedheen mootummaatti hime. An biyyoota Arabaa kanneen akka Sa'uudii Arabiyaa, Masirii, Sudaan deemee muuxannoosaanii argeen jira. Muuxannoon argadhetti fayyadamee jiruu fi jireenya uummata keenyaa jijjiiruu akkan danda'u nan amanan ture. Wayitan jalqaba dhufe dachiin Baabbilee kun bu'aa bayii tabbaa fi boolla qilee malee homaatuu hin qabdu. Ooyiruu xxixiqqoo namni darbee darbee boqqolloo irra facaafatu malee homaa hin turre. Anis erga bakka naannoo laga Eerar kun naaf iyyamamee deebi'een biyya alaatii tiraaktaraa fi meeshaalee qonnaa kan biraa fudhee deebi'een itti taa'e. Gaaraa fi qilee qotee walqixxeessee dacha bal'iinsa Ooyiruu kanatti deebisuun hojii koo jalqabaa fi akkaan dadhabsiisaa ture. Doozarii fi gireedarii birrii miiliyoona lamaan kireeffadheen dachee kana dirree godhe. Teeknooloojii bishaanii Wanti haalaan garaa na nyaataa ture uummanni Baabbilee fi Hararghee Bahaa utuu lagni jala yaa'uu dheebochuu isaati. Kanaaf ergan dachee ooyiruu walqixxeessee booda akkamiin bishaan akkan baasu itti yaaduun eegale, wayitan kana yaadu ofii kiyya qofaaf osoo hin taane ummanni bal'aan akkaataa irraa fayyadamuuni. Namoota bishaan baasuudhaan muuxannoo qaban Sudaan irraa galcheen hojjechiisuu eegale. Uummanni sun guyyuma takkatti bishaan boolla jalaa baasuu danda'u. Of qofaaf hojjetu osoo hin taane dargaggoota hedduus leenjisaniiru. Jalqaba uummata Sudaan teeknooloojii bishaan lafa jalaa baasuutiin muuxannoo qabaniif ministeera dhimma alaarraa iyyama baasiseefiin doolaara kaffaleefii fide. Isa booda dargaggoota 50 walitti qabeen akkasaan leenjisan godhe. Dargaggoonni asitti leenji'anis uummata naannoo kanaa hedduuf bishaan baasaniiru. Haala kanaan rakkoon bishaanii naannawa Baabbilee amma furameera jechuu dandeenya. Uummanni keenya amma yaaddoo bishaanii hin qabu. Amma naannoo Baabbilee kana namni bishaan warri Sudaan baasan sana hin qabne hin jiruuyyu. Anaaf uummata koo bishaan obaasuun gammachuu guddaadha. Ijoolleen asitti warra Sudaan irraa lenjii argatte as qofa osoo hin taane akka Hararghee bal'ootti bishaan uummataaf baasaa jrti. Anis bishaan argadheen ooyiruu kiyya bal'isee misoomsuu eegale. Hanga ammaatti maangoo muka 5000, burtukaana 5000, paappayyaa 30,000, Zayituunaa 1000, buna 2200, sanyii mukaa shifarraa jedhamus 2000 dhaabeera. Uummanni naannoo maal fayyadame? Uummanni naannoo kanaa haalaan kan fayyadame bishaan qulqulluu argachuudhaani. Ammoo nama hedduutu ooyiruu kiyya keessaa hojjetee bula. As keessa sabaa fi sabalammoota hundatu jiru. Hanga ammaatti namni 100 ta'u hoojeteera. Dhaabbiidhaan ammoo nama 60-70 ta'antu ooyiruu kana keessaa hojjetanii jiraatu. Maatii horatanii kanneen as keessa jiraatanis hedduudha. Walumaa galatti uummanni naannoo kanaa akka ooyiruu isaaniitti irraa fayyadamu. Keessaahuu dhalaanfaa akka fedhanitti oomishanii irraa gurguratanii akka jiraatan iyyameeraaf. Konkolaataa hojii Pick up tokkoo fi Isuzu takka nan qaba. Sanittillee uummatumatu fayyadama. Ani ofii konkolaataa manaa fi mana sadarkaasaa eeggate asua ooyruu kiyya keessatti ijaarradheen jiraataa jira. Ijoolleen kiyya gurguddatanii hunduu fuudhaniimaatii qabu, biyya Sa'uudii jiru hunduu. Abbaan manaa kiyya du'eera. Ijoolleen kiyyaafi firoonni abbaa manaa kiyyaa wayita as dhufanii ooyruu kana daawwatan ni ajaayibsiifatu. Itoophiyaa keessa bakka akkanaa jira jedhanii of amansiisuufaa rakkatu. Carraa fi gufuu isaan mudate Federaala irraa hanga aanaa kanaatti caasaaleen mootummaa baay'ee na tumsaniiru. Garuu bu'aa bayii lafa kanaa sirreessuun oomisha irratti eegaluun baay'ee na qore. Haata'u malee caasaaleen mootummaa keessaahuu waajjirri misooma qonnaa hamilee naaf ta'uun milkaa'ina kiyyaaf sababa ta'eera. Hojiin hanga yoonaa hojjedheef waancaa fi meedaaliyaa dabalatee badhaasa hedduu argadheera. Buqqaatii uummataatiin walqabatee tibba jeequmsi ture ammoo hojiin keenya gufatee ture. Garuu yeroo sanallee taatu hojiin kiyya dhaabbatee hin beeku. Kaayyoo egeree Ooyiruun an qabadhee jiru baay'ee bal'aadha. Kanaafuu karoorri kiyya inni jalqabaa ooyiruu kana bakka duwwaa jiru guutuudha. Ergan misoomsee waliin ga'ee haalaan kunuunsuudha. Wayita inni ga'ummoo baay'inaan gabaarratti dhiyeessuun barbaada. Boodarra ammoo asumatti warshaa dhaabee oomisha isa dhumaa gurguruun barbaada. Bakka warshaan itti dhaabbatu hambifadheera. Dhaamsa dubartootaaf Waanti an jala muree dhaamuu barbaadu dubartoonni waan hunda hojjechuuf dandeettii akka qabaniidha. Kutannoodhaan hojii tokkotti seennaan fiixaan baasuu akka danda'an nan amana. Garuu isaan rakkoo booda dhufu yaadda'anii sodaatu. Bor yoo kasaare maalan ta'a jedhanii dursanii sodaatu. Osoo hojii tokko hin eegalin sodaadhaan booji'amte taanaan ammoo gonkumaa milkaa'uu hin dandeessu. Kanaafuu dubartoonni kutannoo, ofitti amanamummaa fi ejjennoo cimaa qabaannaan bakka yaadan inuma ga'u. Garuu akkaataa hojii beekuun ammoo murteessaadha. Waan hojjennuu fi milkaa'ina karoora keenyaatti wantoota nu ceesisan adda baasnee beekuu qabna. Keessaahuu shamarran keenya biyya alaa jiran bashannana achii dhiisanii waan egeree isaanii fi biyya isaaniif ta'u hojjechuuf karoorfachuu qabu. Jireenyasaanii har'aa qofa osoo hin taane boriifillee egeree biyya kanaaf akka barbaachisan yaaduu qabu. *Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.
GEM-xlsum_oromo-train-69
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43208169
Komaandi poostiin labsii yeroo muddamaa akeekkachiise
Labsiin yeroo muddamaa baatii jahaaf biyyatti gutuutti hojiirra ni akka olu himamee erga guyyoota 10 dura labsameen booda, komaandi poostiin hojiirra olmaa labsichaa ni hordofa jedhame, ibsa har'a baaseen humnota seeraan ala socha'u jedhurraatti tarkaanfii cimaa akka fudhatu akeekkachise.
Sakretaraatiin komaandi poostii labsii yeroo muddamaa kun ibsa isaatiin, humnoota nageenyaafi tasgabbii boreessan akkasumas kanneen miseensoota mana maree bakka bu'oota uummataa sodaachisan irratti tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiseera. ''Labsiin yeroo muddamaa erga baheen asi sochii humnotiin nageenyaa taasisanii fi hirmaannaa uummataatiin yeroo gabaabaa keessatti naannoolee biyyattii hundatti haalli nagaafi tasgabbiin uumuun danda'ameera,'' jedheeras. Haa ta'u malee, ''magaaloota Dambi Dolloofi Naqamteetti humnoonti seeramaleesoonni nageenyaafi tasgabbii boreessuuf yaali taasisuun alattis, humnoota nageenyaarratti boombii harkaa darbachuun balaa qaqabsiisuuf sochii taasisaniiru,'' jechuun rakkoolee mudataniiru jedhe eereera. Sochii humnootiin nageenyaa tasgabbii mirkanneessuuf taasisaniin, haala danda'ameen lubbuun namootaa akka hindabarreef ofeeggannoo barbaachisu akka taasisaniif qajeelfamni kennamufiisaa kan caqase ibsichi, ''haa ta'u malee humnooti kunneen gocha badiinsaa isaanii irraa kan ofi hinittifne yoo ta'e tarkaanfii barbaachisaa akka fudhataniif humnoota nageenyaatiif qajeelfamni keennamera,'' jedheera. Kana malees dorsifni haala garaa garaatiin miseensoota bakka bu'oota ummataa naannoo irraa gahaa jiraachuu iyyannoon irra deebiin dhiyaachusaa kan eere ibsichi, gochi kunis kan akka laayyootti hinfudhatamneefi hordoffii taasisuun tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta'u akkeekachiseera. Labsiin yeroo muddamaa ala lammaffaaf erga labsamee torban lamaaf qabatulleen hanga ammaatti mana maree bakka bu'oota biyyattiin murtee hinargatiin jira. Manni maree boqonnaarratti argamuus Jimaata dhufaa walgahii yeroo ariifach iisaatiif kan waamame yoo ta'u, walgahiichaanis labsii kanarratti murtee ni dabarsa jedhamee eegamaa jira. Haa ta'u malee guuyyoota darba 10 keeessattis taateewwan mormii garaa garaa naannoolee biyyatti adda addaa irraa dhagahamaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-70
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45873144
Nama achi buutee biiliyeenara Taanzaaniyaa eereef maatiin badhaasa qopheessan
Nama achi buutee biiliyeenara umurii xiqqaa Afrikaa lammii Taanzaaniyaa, Mohaammad Deewjii kan Kamisa darbe ukkaamfamee fudhatamee eereef maatiin Shilingii Taanzaaniyaa biiliyoona tokko badhaasna jedhan.
Dureessi kun nama qabeenya doolaara biiliyoona 1.5 horateedha Dureessi umurii xiqqaa Afrikaa kun kamisa darbe magaalaa guddoo Taanzaaniyaa Daareesalaam keessatti hidhattoota of golganiin butaman. Poolisiin namoota gocha kana waliin hariiroo qabu jedhee shakke 20 to'annoo jala oolcheera. Kaayyoon itti dureessi kun ukkaamfamaniifi eessa akka geeffaman wanti beekame hin jiru. Poolisiin biyyattii namoonni adiin lama butamuu nama kanaa duba jiru jedhee amana. Nama butuun Taanzaaniyaa keessatti waan baratame miti. Poolisiin konkolaataa dureessa kanaa sakatta'eera Mohaammad Deewjiin eenyu? Akka barruun Foorbis kan dinagdee fi maallaqa irratti xiyyeeffatu jedhutti dureessi kun nama qabeenya doolaara biiliyoona 1.5 qabu horatedha. Biiliyeenara Taanzaaniyaan qabdu isa jalqabaas isa dhumaasii. Bara 2017'ttis biiliyeenara Afrikaa umurii xiqqaa ittiin jedheera. Amma Deewjiin nama ganna 44 ti. Isponsara garee kubbaa miilaa Taanzaaniyaa Simbaa Jedhamuutis. Akka barruun Forbis jedhutti dureessi kun bara 2016tti walakkaa qabeenya isaa hojii gargaarsaaf gumaachuuf waadaa seeneera.
GEM-xlsum_oromo-train-71
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49219470
Mootummaan bu'uura seeraa kamiin intarneetii cufa?
Ministirri muummichaa Dr. Abiy Ahimad ibsa gaazexeessitootaaf Kamise darbe kennan irratti lubbuu namootaafi qabeenya miidhaa qaqqabuu malurraa baraaruuf barbaachisaa ta'ee hanga argametti intarneetiin torbaniif osoo hin taane achumaan cufamee hafuullee ni danda'a jechuun dubbatanii turan.
Mootummaan bu'uura seera akkamiitiin intarneetii cufa jechuudhaan ogeessa seeraa Obbo Misgaanaawu Mulugeetaa gaafanneerra. Obbo Misgaawu akka jedhanitti, yoo akkaataa seerawwan mirgoota namoomaatiinis ta'e heera mootummaatiin kan ilaallu ta'e, mootummaan nageenya biyyaa eegsisuuf jecha tarkaanfiiwwan akkasii fudhachuu ni danda'a. Dhaabbata Foorchuun 500 Giloobaal jedhamu keessatti Manaajera Tekinoolojii ta'uudhaan kan hojjetaa jiru Obbo Salamoon Kaasaa gama isaaniitiin, dubbii ministirri muummichaa dhimma intarnaatii irrattie dubbatan sirriidha jedhan. Akka nama aangoorra jiruutti nageenyaafi tasgabbii ummataa eegsisuuf itti gaafatamummaan irra jiru tokkootti miidhaa odeeffannoon Feesbuukiirratti gadhiifaman xiyyeeffannoo itti kennanii ilaaluun isaanii kan eegamuufi kanuma ta'uu maludha jedha ogeessa seeraa kun. Mootummoon maaliif interneetii cufuu? Biyya keenyatti waggoota darban keessa irra deddeebiin intarneetiin cufamuun mul'ate, mootummmaan karaa ittiin lammileen odeeffannoo argatan to'achuu seeraan ala itti fayyadame ta'ee ture jedhu Obbo Misgaanaawu. Kutaa addunyaa gara garaa keessatti mootonni interneetii addaan kutan, yaadawwan isaaniin falman.qeeqan akka bilisaan hin daddabarre dhorkuudhaaf karaa ittiin ittisan godhachuun dhimma ba'u komiin jedhu isaanirratti ni ka'a. Obbo Salamoonis interneetii addaan kutuun guutummaa addunyaarratti baramaa kan dhufedha jechuudhaan yaada ogeessa seeraa Obbo Misgaanwu deggara. Kanaaf sababiin maalidha kan jedhuuf ammoo qorannoowwan gaggeeffaman heeruudhaan, mootummaan siyaasaafi odeeffannoo to'achuu isa jalatti akka ta'u ykn adeemsi siyaasaa akkaataa inni barbaaduun akka ta'u waan barduuf jedha. Mootonni intarneetii kan cufne rakkoowwan uumaman sirreessuufi to'achuuf jedhanii sababa dhiyeesan dhugaa qabaatullee, qorannoowwan akka agarsiisanitti garuu kun ittiin qabannaa akka ta'edha jedha Obbo Salamoon. Intarneetiin jijjiirama siyaasaatiif hojiirra kan oole bara 2010 keessa Warraaqsa Arabaa ta'uu isaa yaadachuun, "isaan booda mootummoonni dhimmi dammaqinsaan hordofan intarneetiidha," jedha. Qorannoo dhimma kanarratti gaggeeffame eeruudhaan Warraaqasa Arabaatiin booda biyyoota 40 ol keessatti intarneetiin si'a 400 ol cufamuu isaanii ragaa dhiyeessa. Obbo Misgaanaawu gama isaatiin fuula duratti filannoon dhufaa jiraachuufi gaaffiin Sidaamaa naannoo ta'uu rifarandamiin yeroo dhiyootti akka ta'u yaadachuun, "haala siyaasaa yeroo ammaa keessa jirruun haala danda'ameen yaadawwan sirriitti akka nannaa'an gochuudhaan yaadawwan isaan dura dhaabbachuuf dhiyaatan dadhabaa akka deeman mala gochuu fayyadamuutu nu baasa," jedhe. Mataa dhukkubbii biyyoota addnuyaa Ergaawwan kan akka biyya keenya keessatti mul'ateefi Feesbuukiirratti bal'inaan tatamsa'uudhaan akka walitti bu'insi dhalatu taasisan kan Itoophiyaa qofaa osoo hin taane, kan biyoota addunyaafi kan Feesbuukii mataadhuma isaati jechuun ibsu Obbo Salamoon. Akka Obbo Salamoon jedhanitti, dhimmoonni mataa dhukkubbii ta'an dubbii ijoo afur qabu. Inni jalqabaa akka namni irratti cuqaasee banuudhaaf jecha suurawwan nama hawwatan fayyadamuudha. Kun oduwwan sobaa namoota bebbeekamoo waliin walqabatan tatamsaasuu, oduuwwan jibbinsa, siyaasa, dhimma saal-qunnamtii waliin walqabatan akkaataa kanaan akka rabsaman ibsa. Barreeffamoonniifi suurawwan dubbii hammeessan akka argaman kaasuun, "Odeeffannoowwan aakkasii walitti bu'insa yaadaawwan qofa osoo hin taane walitti bu'insa qaamaan taasifamu keessallee nama galchuu danda'u," jedha Obbo Salamoon. Oduuwwan sobaa mataa dhukkubbii addunyaa ta'uu isaanii kan ibsu Obbo Salamoonkun akka namoonni hedduun sosobamuu danda'aniin qixaa'ee kan dhiyaatu ta'uu ibsa. Haasawwan jibbinsaafi Feesbuukiin mataa dhukkubbii moototaa ta'uu isaanii kan heeru Obbo Salamoon, isaan kun sanyummaa, saalaafi amantaa irratti fuulleffachuun kan gadi dhiifaman waan ta'aniifi mataa dhukkubbii guutummaa addunyaa ta'aniiiru. Sababii dirree siyaasaa Itoophiyaarraa kan ka'een, haasawwan jibbinsaafi oduuwwan sobaa sanyummaa, amantaafi saala irratti hundaa'an akka baballatanii mul'achaa jiran ogeessi seeraa Obbo Misgaanaawullee yaada Obbo Salamoon waliin waliif ni galu. Intarneetii cufuun nama baasaa? Obbo Salamoonis ta'e Obbo Misigaanaawu intarnetii cufuun walitti bu'iinsa sabaa fi buqa'insa umaman hambisu akka hindandeenye dubbatu. Obbo Salamoon akka jedhanitti yoo ta'e, intarneetii cufurraa irra caala oduuwwan jibbaa fi sobaa ballinaan kan taamsaasan feesbukiin waan ta'eef, Kubaaniyaa feesbukuu waliin haasa'un barbaachisaa ta'a. Biyyoonni addunya kana raawwatan njiraachusaanii kan eeran Obbo Salamoon, Jarmanii fi Fillippiin akka fakkeenyaatti kaasu. Biyya ummata mil. 100 olii qabdu keessatti walitti bu'insii umamee tasgabbiin yoo dhibe dhiibbaa inni ardiif qabaatu haalaan karaa sadarkaa mootummaatti kubbaaniyaa Feesbuuk waliin yoo dubbatame dubbiiwwan jibbaa to'achuun akka danda'amu yaada kaasu. Motummaan itoophiyaa osoo namoota Afaanoota adda addaa dubatan dhiyeessuun kubbaaniyaa feesbuukii waliin walitti dhiheenyaa hojjatee tarkaanfii bu'aa qabeessa ta'e fudhachu akka dandeessisu gorsu. Gara fuula duraatti filannoon dhufaa jiraachu kan dubbatu oggeessi seeraa kun, refarandamiin Sidaamaas dhiheenyatti gaggeefamuuf yaadachuun, haala siyaasaa keessatti argamnu xiyyeefannaa keessa galchuun intaneetii cufuurraa qamooleen haasaa jibbiinsaa baballisan akka yaada faallaa isaaniin liqimfana irratti hojjachuun caalaa baasa jedhaniiru. Haalli tarkaanffii cufuu intarneetti akkuma barbaadameetti kan raawwatamu fakkaatan kan jedhan oggeessi seeraa kun, yeroo tokkoos dhimmi ummata balaaf saaxilu yoo umamu ni cufama. Garuu qormaataaf jecha cifuunis jira jachuun taajjabiisaani dubbatu. Wayita kun raawwatamuttis eenyutu cufa? Teeleedhamoo ykn Ministira muummeeti, ykn mana mane bakka bu'oota Ummataati? Jechuu gaafatu. Dhimma kanarratti qaama murteessu ilaalchise qajeelfamni ifatti kaa'amu qabaata jedhaniiru. Motummaan nageenya biyyaa fi ummataa eegsiisuun ittigaafatamummaa isaa kan duraati kan jedhan oggeessi seeraa kun, yeroodhuma barbaadeetti ka'ee kan intarneetii cufu yoo ta'e ammo sirni mirga sarbamuu itti to'atamu jiraachu waan hinqabneefu seerrri barbaachisaadha jedhu. Kiraasaa intarneetii cufuun qaqabu Ibsa tibbana teeleen baasee irratti, sababii cufamu intarneetiin kisaaraan qaqabuu duubbachuu yaadachuunis, miidhaa dinadgee qabaachu saa Obbo Misgaanaawu ni gorsu. Dhaabbanni biyya Ameerikaati aragamu tokko qorannoo gaggeesseen akka mulliseetti, biyyi tokko wayita intanrneetii cuftuutti haala guddina dinagdeesheerratti jiddu galaan kisaaraan %1.9 akka qaqabu Obbo Salamoon ni hubachiisu. Kana malees jedhu Obbo Salamoon, biyyoonni maallaqa arjooman sababii cufamu intarneetiitiin nuffuun yaadasaanii geedarachu danda'u jechuun soda qabu ibsu. Akkasumas intarneetiin wallaansa waliinis kan walqabatu ta'u yaadachuun, cufamuunsaa akka salphaatti ilaalamu akka hinqabaannee akeekachiisu. Kana malees biyyattiin fakkii sadarkaa addunyaatti ummattee balleessuun deeebiisee miidhaa qaqabsiisuu akka danda'u himu.
GEM-xlsum_oromo-train-72
https://www.bbc.com/afaanoromoo/isportii-44741242
Waancaa Addunyaa 2018: Fraans Waancaa Addunyaarratti Afrikaa bakka buutii?
Biyyoonni Afrikaa Waancaa Addunyaarratti hirmaatan hundi ramaddii isaanii keessaa osoo hin darbiin hafuu isaaniitiin walqabatee muggutiin biyyoonni Afrikaa eenyuun haa deeggaran jedhu itti fufeera.
Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon kan daawwannaaf Naayijeeriyaa jiran namoonni Waancaa Addunyaarratti biyya isaanii Firaansiin akka deeggaran gaafataniiru. Fraans tapha nuusa xumuraan har'a Yuraagaay waliin wal ni taphatti. Fraans tapha waancaa addunyaa kana irratti akka biyya Afrikaa jahaaffatti lakkawamaa jirti. Sababni ammo taphattootni biyyattii hedduun dhalootaan ykn maatiin isaanii Afrikaa keessaa waan ta'aniifi. Gaazexessaan Ispoortii Afrikaa kan BBC, Niik Kaveel akka qoratetti taphattoota garee Fraans keessa 14 kan ta'an seera Fiifatiin garee biyyoota Afrikaaf taphachuu danda'u. Fraansitti aanee ammo biyyi taphattoota Afrikaarraa ta'an hedduu qabdu Beeljiyeemi. Garee biyyolessaa Beeljiyeem amma waancaa addunyaatrratti hirmaachaa jiran keessa taphattootni 8 maatiin isaanii gariin ykn guutummaan guutuutti Afrikaanota.
GEM-xlsum_oromo-train-73
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49027679
Raashiyaatti haadholiin kunniin maaliif daa'imman isaanii ajjeesu?
Waggaa waggaan Raashiyaa keessatti haadholiin hedduu daa'imman isaani ajjesuun himatamu. Dubartoonni himannaan irratti dhiyaatu haadhoolii ijoollee hedduu qaban kan qacaramanii hin hojenneefi hadhoolii hoggantoota hojii adda addaa qaban keessa jiru.
Kun rakkoo Raashiyaa qofa miti. Ameerikaa keessatti ogeessoti dhibee sammuu hadhoolii 4 keessaa 1 da'imman isaanii ajjeesu akka yaadan tilmaamu. Qorannoon Ameerikaa 2014 kan ibsu yakkoota waggooti 32 keessatti raawwataman keessaa %15 kan haadholii da'imman isaanii ajjeesani ta'uu ibsa. Daataan Waajjira Haqaa Ameerikaa qoranno kana keessatti ibsame, bara 1976 fi 1997 gidduutti daa'imman 11,000 maatii isaaniin akka ajjeefaman agarsiisa. Kana jechuun giddugaleessan waggaatti daa'immaan 340tu du'a. Akka biyyoota hedduu, Raashiyaa keessattis aadaan ciniinnatanii rakkoo keessa darbuu fi haasaa rakkoo dhibee sammuu kaasuu dhiisanii jireenya callisanii jiraachuu jira. Seenaan namoota kanaa miira mukaa'uu (depression) da'umsa booda dhufu, yeroon yaalamuu hafuu isaafi maatiin rakkoo jiru yeroon hubachuu dhabuun isaanii balaa uumame ittisuu dadhabuusaa agarsiisa. Alyoonaa Alyoonaa, ogeettii dinadgee abbaa manaashee Piyootir waliin daa'ima isaanii simachuuf gammachuun eega turtedha. Uffata daa'imaa bituurraa eegale qophii da'umsaaf ishee barbaachisu hunda yeroo gootutti, namni rakkoo xiinsamuu haadholii haaraarra ga'uu danda'u itti hin himne. Erga mucaan dhalatee booda Alyoonaan dhibee hirriba guutummatti nama dhorku 'insomnia' jedhamuun hubamtee, dandamachuu akka hin dandeenye dubbatti. Kanaan dura rakkoo xiinsamuun hubamtee kan turte yeroo ta'u, qorichi ogeessi kenneef xiqqoo gargaarenii ture. Guyyaa tokko Piyootir mana yemmuu galu daa'ima isaani ji'a torbaa kutaa dhiqannaa keessatti duutee arge. Boodarra Alyoonaan haroo Moskoo biratti argamte. Erga mucaa bishaan mana dhiqannaa kessa galchuun ajjeeste booda, dhugaatii vodkaa xurulle guutuu dhugdee harootti of gatuuf osoo deemtuu of wallaalte. Amma mana murtiitti dhiyaattee jirti. Abbaan warraashee utuu namni dhibee mukaa'uu da'umsa booda dhufu Alyoonaatti himeera ta'ee, balaan kun hin uumamu jedhe amana. "Hammina yaaddee miti, jeequmsa xiinsammuutu irra ga'e," jedha. "Utuu ogeessa fayyaa bira deemteetti ta'ee, utuu yeroo isheen na gafatetti hospitaala geesseraani ta'ee, kun hin uumamu ture." Oggeesoti yakkaa Raashiyaa dubartoota daa'imman isaani ajjeesan keessaa %80 gochichaa raawachuun dura ogeessa fayyaa bira deemuun, mataa bowwuu, hirriiba dhabuufi marsaa laguu sirrii hin taaneen akka rakkachaa jiran himaniiru. Eenyu isaan? Raashiyaa keessatti yakki hedduu xiyyeefanoon itti hin kennamneefii safuu jedhamee ilaalamu kun bara 2018 keessatti 33tu gabaafame. Ogeessoti yakkaa tokko tokko utuu mana murtiitti utuu hin dhiyaatiin hafuun lakkoofsi yakka kanaa dachaa 8 ta'uu danda'a jedhu. "Ji'a ji'aan kutaa dubartootatti siree digdaman qabnu keessaa sadii ykn afur hadholii daa'imman isaani ajjeesaniin qabama," jetti oggeettin xiinsammuufi qorattuun Wiirtuu xiinsammuu Mooskoo, Serbeeski Margariita Kacheeva. Da'uumsaan booda dhibeen sammuu tasa guddachuu akka danda'u oggeesoti fayyaa beeku. Dubartoonni dhibee yeroo dheeraaf turu, kan jireenya guyyaa guyyaatti hin mul'annee garuu yeroo taateewwan jajjaboo qaama dubartii miidhan kan akka ulfa, da'umsaafi yeroo umurii laguun dhaabatutti kan ka'anii mul'atan qabu. "Ilaa, mucaakoon ajjeese fakkaata." Aanaa barsiistuu ganna 38, fi ilmaanshee ganna 18fi 10 dhalachuu intalaa hawwiin eegaa turani. Bara 2018, Adoolessa 7 garuu ambulaansiti bilbila bilbilte. Da'umsa booda hedduu dhukkubsachaa erga turtee haalli turan daranuu hammaate. Dhibee kana dandammachuu akka hin dandeenye Aanaan yemmu itti dhaga'ame ogeessi fayyaa boqodhu jedheeni. Guyyaa tokko luka qullaa mucaashee baattee osoo callistee daandirra deemtu, poolisooti ishee dhaabanii eessa akka deemtu yeroo gaafatan deebisuu hin dandeenye. Adoolessa 7 irratti yeroo ambulansiin qaqqabuu Aanaan ogeessa fayyaatiin "Ilaa, mucaakoon ajjeese fakkaata," jette. Ogeessoti fayyaa daa'ima lubbuu olchuu danda'anis haadhi kun mucaashee boraatiin ukkaamsuu akka yaalte manni murtii qorachaa jira. Boodarra Aanaan hospiitaala dhibee sammuutti geessamuun dhibee sammuu namni jireenya dhugaarra jireenya abjuu keessa akka jiraatu taasisu 'schizophrenia' jedhamu akka hubamte beekame. "Kun maraatummaa guutuu akka hin taane hubatamuu qaba. Dubartiin yeroo sammuun dhukkubetti daa'imashee ajjeeste, goocha kana dura jireenya sirrii kan jiraachaa turte ta'uu dandeessi," jechuun Dr Kacheeva ibsiteetti. "Maaloo Waaqakoo, doktar, maalan godhe? Akkaminan jiraadha kana booda?" Dubartiin ganna 21, Arinaa, darbii 9ffaa gamoorraa daa'imashee baattee utaalte. Yemmuun daa'imni dhalatu abbaa warraanshee hojii waraanaarra fagoo ture. Yeroo inni deebi'utti miira mukaa'uu (depression) cimaa keessa turte. Ofiifi daa'imashee ajjeesuuf yaaluusheen guyyaa tokko dura poolisiitti bilbiluun abbaan warrashee ishee ajjechuuf haaduu qarachaa jira jechuun gabaaste. Akka ajaa'ibaatti hadhaafi daa'imn kun kuufatii booda lubbuun oolaniiru. Arinaan hospitaalatti erga geeffamteen booda poolsiin to'annoo jala oolteetti. Ogeessoti dhibee sammuu 'schizophrenia' ykn dhibee sammuu namni jireenya dhugaarra jireenya abjuu keessa akka jiraatu taasisu akka hubamtee jirtu mirkaneessaniiru. Hadholiin dhibee 'schizophrenia' fi 'depression' jedhamuun hubaman yeroo hedduu sababa daa'ima isaanii ittiin ajjeesan wal fakkaata laatu. "Ani haadha gadheedha, you du'e wayyaafi", "Adunyaa kun hamaadha, daa'imni utuu keessa hin jiraanne gaaridha," jedhu. "Yakka kana raawachuun booda boqonnaa waan hin arganneef yaalii tokkoffaa, lammaafaa ykn sadaffaarratti of ajeessu," jetti Dr Kacheeva. Yeroo tokko tokko gara wiirtuu isheen hojettutti dubartoonni kan geessaman yakkichii osoo hin rawwatiin yemmuu maatiin qaqqabudha. Yaalii erga jalqabanii booda, fayyina guututti deebi'uuf ji'i ja'a ga'aadha. Akkumaa Ameerikaa, Rashiyaa keessati hadhooli da'immaan isaani ajjeessan irratti murtee akkamii akka darbuu qabu mana murtiitu murteessa. Yoo ogeessoti dhibee sammuu hadhii ilmooshee ajjeefte dhibee sammuu hin qabdu jedhan, hidhaa waggaa dheeraan adabamuu dandeessi. Dubaartooti kunneen keessaa hedduun yemmuu ijoolle turan kan dararamanidha. Qorannoon ogeessotta yakka dhibee sammuu Raashiyaa kan agarsisu haadholii daa'imman isaani ajjeesan keessa %80 maatii hiyeessaa keessatti akka guddataniifi %85 immoo bultoo isani keessatti walitti bu'iinsa kan qabanidha. "Dubartoota kunnen keessa hedduun yeroo ijoollee turaniitti- miraan, saalaan ykn qaamaan dararamaniiru. Kun immoo eegere jireenya keessatti qabxiiwwan gara hameenyaatti nama geessan keessa tokko." jeetti Dr Kacheeva. Abukaatooti hedduun dubaartoota daa'ima isaani ajjeesuun himataman mana murtiitti isaanif dhaabachuu ni didu. Akkaataa Ittisaa Dhimma ittisa yakka daa'ima ofii ajjeesuu irratti oggeesoti fayyaa Raashiyaafi lixaa barbaachisummaa rakkoo xiinsammuu hadhoolii qaqqabuu irratti xiyeeffanoo kunnuu dubbatu. "Yoo danda'ame da'umsaan dura haalota jirachuu malaniifi haariroo harmeekee waliin qabdu mari'achuun gariidha. Abbaa warraakee waliinis da'uumsa booda xiinsammuukeerra miidhaa ga'uu danda;u dursanii haasa'uunis dansa, " jetti ogeettin xiinsammuu Mariinaa Bilobraam. " Suuraa hadhooli gammadoo daa'ima isaanii wajjiinii qofa osoo hin taane haalii hamaachuu akka danda'us wanti ibsu jiraachuu mala." Dr Maargarita Kacheeva " Moskoofi nannooshee keessa wiirtuulee dubartoota rakkoo keessa jiran gargaaru qabna. Dubatoota haleella bultoo keessaafi dhibee 'depression' rakkataniif balballi banaadha" jetti. "Garuu dubartoonni hedduun yoo dhibee isaani dubbatan mucaankoo na jalaa fudhatama jedhaani waan sodataniif wiirtuuleen kun walakkaa ol qullaa taa'u. Dheekamsa callisi jedhu sodaa abbaa warraa isaanifi maatiittillee hin himan." Maqaan namoota asirratti ibsamanii hunda mirga daa'imman miidhamanii eeguuf jecha geeddarameera.
GEM-xlsum_oromo-train-74
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53542572
Koronaavaayiras: Kooriyaa Kaabaatti 'nama Covid-19 shakkame' jalqabaa argame
Kooriyaan Kaabaa yeroo jalqabaaf namni koronaavayirasiin shakkame argame jechuun himte.
Miidiyaan biyyatti KCNA jedhamu akka gabaasetti namni waggaa sadii dura biyya ganuun Kooriyaa Kibbaa galee ture, torban darbe biyyatti deebi'ee mallattoon Covid-19 irratti mul'ateera. Hogganaan Biyyatti Kiim Joong-uun anga'oota olaanoo waliin marii hatattamaa gaggeessuun, magalaan daangaarra jirtu Kayisoong akka cufamtu murteesseera. Biyyi iccitii qabaachuun beekamtu Kooriyaan Kaabaa, kanaan dura namni Covid-19 qabame hin jiru jettus, xinxaltoonni garuu kun waan hin taanedha jedhu. "Wanta hatattammaa magaalaa Kayisoongitti uumameen namni biyya ganee turee karaa seeraan alaan Waxabajjii 19 karaa seeraan erga daangaa ce'e booda vaayirasii hamaa kana qabaachuun shakkamera," jedha KCNA. Walga'ii Sanbata taasisan irra Kiim Joong-uun vaayirasichaa to'achuuf "mala hatattamaa cimaa" ajajeera. Dabalataaniis namni biyya ganee ture kun akkamiin daangaa eegumsa cimaa qabu kana darbuu akka danda'e irratti qorannoon eegaluu isaa kan ibse Kiim, kanneen yakka kana keessatti hirmaatan irratti 'adabbiin cimaa' akka fudhatamu ibsuun KCNA gabaaseera. Yeroo kanatti Kooriyaan Kibbaa guyyoota darban keessatti namni karaa seeraan alaan daangaa darbe kamuu jiraachuu hin gabaasne. Yeroo koronaavaayirasiin addunyaatti tatamsa'aa turetti, Kooriyaan Kaabaa ji'a ja'a dura daangaa ishee cufuun namootni kumaatamaan lakka'aman akka adda of baasan gootee turte. Jalqaba ji'a kanaatti Kiim Joong-uun biyyattiin 'milkaa'ina ifaan' Covid-19 to'atteetti jechuun faarsaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-75
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41882672
Haasaa, sirbaa fi diraamaa: Jireenya imala magaalaa Mumbaay
Buufata baaburaa namni itti baay'atuufi Mumbaayiitti argamutti walirra dhaabachuun erga imaltoonni 23du'anii torban muraasa ta'eera. Gaazexessituun BBC Kinjaal Paandiyaa-Waag, imala baaburaa Mumbaay waggoota kurnan heddu fayyadamte irratti muuxannoo qabdu barreessite.
Baabura tajaajila geejjibaa jiraattota magaalaa Mumbaay tajaajila olaanaa kenna. Ummata miiliyoona saddeet ta'u guyyaatti kan olii gadi geessu yoo ta'u, baabura malee magaalicha keessa socho'uun rakkisaadha. Dokimantarii, beeksisaa fi fiilmii Booliwuud irrattillee hedduu mul'atu. Isaaniin imaluun garuu muxannoo addaa qaba. Barataa kollejjii ta'eeni baabura fayyadamuu kanan eegale. Bakka jiraadhurraa mana barumsaa Kibba Mumbaay argamutti sa'aatii lamaaf imalan ture. Ibsaa, foolii fi wal-dhiibbaa namaa yeroo baaburri buufata Chaatirapaati Shivaajii (CST) seenu arge nan yaadadha. Baay'ee nama gammachiisa. Suuta keessa hawaasa baabura sana geejjibaaf fayyadamutti michoome. Imaltoonni baabura Muumbaay akka imaltoota magaalotaa fi biyyoota biraa mobaayilii isaaniitti garagalani xuxxuqan miti. Asitti imaltoonni walitti haasa'u achumaanis walitti hiriyyoomu. Guyyaa guyyaatti sa'aatii dheeraaf waan wal arganif walitti dhiyaachuun inuma uumama. Ummanni miiliyoona saddeeti ta'u guyyaatti baabura magaalaa Mumbaay geejjibaaf fayyadama Imaltoota sirba fiilmii Booliwuud irratti jaalatan sirban yookiin kaardii taphatan arguun salphaadha. 'Kutaa dubartootaa' keessatti guyyaa dhalootaa keekii walii kennaa yeroo kabajan ni mul'ata. Kutaa guddicha imaltoota dhiiraaf qophaa'e keessatti faaruu amantii yeroo faarsanis arguu dandeessu. Hamiin waan barame. Wanti asitti hin dubbatamne hin jiru. Wanta waajjira keessa isaan mudate, waa'ee soddaa isaanii fi fiilmii jaalatan walitti haasa'u. Dubartii umuriin ishee digdama keessa taatu rakkoo hojjeettoota Indiyaa yeroo dubbatte nan yaadadha. ''Imala irra waan dadhabuu fi hojii waliin waan ulfaatuuf guyyaatti si'a tokko qofa ganama akka nyaata qopheessu harmee jaarsa kootti himeera. Isheen irbaata nu hojjechuu qabdi.'' Waldhabdee Imaltootaa Yeroo namni baay'atutti kutaan imaltoonni keessa dhaabatan walloluun ni mudata. Imaltoonni yeroo hundaa fulduratti darbuuf waldhiibu. Kanatu nama wallolchisa. Yeroo tokko tokko dafe nagana bu'a. Yeroo kaan garuu haga namni inni kaan baabura irraa bu'utti itti-fufa. Wal arrabsuun waan baarame. Wal rukuchuun, waldarbachuun, fuula keessa wal kabaluun, rifeensa wal harkisuun baramaadha. Namoonni geejjiba baaburaa fayyadaman osoo namni guutuu isaa argani seenuuf yeroo waldhiiban afaan waldarbuun mudata Yeroo tokko na dursani seenuuf yeroo jedhani uffata koo si'a hedduu narraa baasaniiru. Harkaan qabachuu Kutaa imaltootaa guute keessa seenuuf yeroo jedhutti balbala baaburaarratti yeroon kufe nan yaadadha. Dubartii na dura jirtutti iyyee akka na duraa fuulduratti deemtu gaafadhe beeka. Yeroos keessa seenuu nan danda'a. Wanti baay'ee nama naasisu immoo baabura namni itti baay'atu ta'uus hanga baaburri deemu eegalutti balballi isaa hin cufamu. Rakkoon biraa immoo osoo baaburri hin dhaabatin isa namni yaabbatudha. Yeroo hedduu utaalee seenuuf ykn harka nama biraa qabadhee seenuuf nan eeggadha. Yoon bakka taa'umsa arge waan guddaadha. Baabura magaalaa Mumbaay irratti imaluun rakkisaa ta'us gammachuu qaba Bakka teessu yoo dhabde, namni taa'u buufata kamitti akka bu'u dursitee gaafatte mirkaneeffatta. Gaafa bu'an teessuma argatta jechuudha. Muuxannoo imala baaburaa kana tilmaama kee irratti hundaa'a. Jaalachuus ta'e jibbuu dandeessa. Anaan garuu akka baay'ee obsu na barsiise. Imalli baaburraa kuni ummata jireenya garaagaraa qabu walitti fiduus galma tokko qabu: lubbuudhaan bakka adeeman gahuu barbaadu.
GEM-xlsum_oromo-train-76
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57338015
Hidha Abbayyaa: Masriin biyyoota yaa'a laga Abbayyaa kam fa'i waliin waliigaltee loltummaa mallatteessite?
Masriin hidhi Haaromsa Guddichi Abbayyaa kan Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu hamma bishaan argadhu na jalaa hir'isa jechuun yaaddoo ishee ibsataa turte, faayidaa ishee eegsifachuuf yaaliiwwan garagaraa raawwataa turtee jirti.
Masriin baatii Bitootessa darbe ture Sudaan waliin waliigaltee waraanaa kan waliin mallatteessan Mariin Sudaan, Itoophiyaafi Masrii jidduutti waggoota dheeraaf gaggeeffamaa tures osoo guduunfaa hinargatiin rarra'ee akkuma jirutti, Itoophiyaan ammoo marsaa lammaffaa hidhicha bishaaniin guutuu gaggeessuuf karoorfattee jirti. Yeroo kana hundatti Masriin biyyoota yaa'a laga Abbayyaa maddii ishee hiriirsuuf yaaliiwwan adda addaa gochaa turte. Haaluma kanaanis Masriin biyyoota yaa'a Abbayyaafi ollaa Itoophiyaa ta'an waliin walta'insa ishee cimfachuufi waliigalteewwan haaraa raawwachuuf jila aanga'oota mootummaa ishee olaanoon hoogganamu biyyoota kanneenitti ergaa turte. Ofii Masriin dhiheenya biyyoota kam waliin waliigaltee loltummaa mallatteessitee? Sudaan Baatii Bitooteessa darbee ture Ajajaa muummee waraanaa Masrii Leeftanaant Janaraal Mohaammad Faariid gara Kaartuumiitti imaluun biyyasaaniin bakka bu'uun waliigaltee loltummaa Sudaan waliin kan mallatteessan. Faariid Masriin ''Sudaan waliin gama loltummaafi nageenyaatiin walitti dhufeenya ishee cimsachuu akka barbaaddu'' ibsuun, Sudaaniifi Masriin qormaanni waloo akkasumas yaaddoon nageenyaa biyyaaleessaa akka isaan mudatu beeksiisaniiru. Kana malees gaaffiilee Sudaan kanneen dhimmoota loltummaatiin wal qabateen hundaa deebisuuf Kaayiroon qophii ta'uu ibsuun, sadarkaa wal- ta'iinsa loltummaa sanaaniis ''kan kanaan dura argamee hinbeekamneedha'' jedhanii ture. Ajajaan muummee Waraana Sudaan Leeftanaant Janaraal Mohaammad Otimaan al-Huseen gama isaanitiin ''kaayyoon waliigaltichaa nageenya biyyaaleessaa biyyoota lamaanii mirkanneessuudha,'' jedhan. Dabalataan ''humna muxannoofi beekumsa qabu ijaaruudha'' jedhuun, Masiriin yeroo rakkinaatti biyyasaanii Sudaan waliin dhaabbachuuf galateeffatanii ture. Akkasumas dhiheenya kana ammoo leenjii loltummaa waloo ''Nile's Eagles-1 fi Nile's Eagles-2'' jedhan waliin taasisanii ture. Leenjii loltummaa guyyoota jaha waliin taasisaniis xumuruusaanii sabaa himaaleen biyyootaa gabaasaniiru. Keeniyaa Keeniyaan Masrii waliin waliigaltee tekinika waraanaa kan raawwate guyyoota muraasaan dura ture. Ibsa Ministeerri Ittisa Biyyaa Keeniyaa kenneen, waliigaltichi Ministira Ittisa biyyaa Keeniyaa Moniikaa Jumaa fi Ajajaa mummeen waraana Masrii Leeftanaant Janaraal Mohaammad Faariid Hegaazi jidduutti raawwatamu himeera. Torban darbe ture Masriifi Keeniyaan waliigaltee kan mallatteessan Itti dabaluunis ''tibba marii waliigaltee loltummaa kanaatti biyyoonni lamaan dhimmoota faayidaa waloo irratti wal ta'iinsa isaanii caalaa akka cimsuuf waliigaltee teknikaa waraanaa waliin mallatteessaniiru'' jedheera ibsichi. Waliigaltichi dhimmoota kam fa'ii akka haammatu garuu bal'inaan kan himame hinjiru. Jibuutii Masriifi Keeniyaan waliigaltee waraanaa erga taasisaniin guyyootaan booda gara Jabuutiitti kan imalanii Pirezidaantiin Masrii Abdali Fattaah al-Sisiiin, pirezidaantii jalqabaa erga Jabuutiin walabummaashee labsiteen booda biyyattii dowwatan ta'aniiru. Al-Sisii fi pirezidaantiin Jabuutii Ismaa'eel Omaar Guleeh, tasgabbii naannawa hidha guddichaa eegsiisuu fi waliigaltee haqa qabeessa faayidaa qaama hundaa eegsisu irra akka gahamuuf akka barbaadan ilaalchisuun mari'achusaanii ibsaniiru. Al-Sisiin mariin Guleeh waliin taasisan ''ijaaraafi bu'aa qabeessa'' jechuun kan leellisan yoo ta'u, dureewwan lamaan dhimmoota walta'iinsa siyaasa, dinagdeefi loltuummaa fooyyeessuun danda'amurratti mari'achuu ibsaniiru. Aanga'oonni lamaan Gaanfa Afrikaatti shororkeessuummaa ittisuuf ''walta'iinsa tarsimoowaa'' qaban cimsuu himaniiru. Akkasumas guyyoota lamaaniin dura xiyyaaroonni waraanaa Masrii lama gargaarsa wal'aansaa baay'ee fe'un Jibuutii seenuun isaanii himameera. Jibuutiin biyya yaa'aa Abbayyaa ta'uu baattuulleen, biyya furtuu daldalli al ergiifi alaa garaa gara Itoophiyaa itti seenu keessa darbuudha. RD Kongoo Masriin biyyoota yaa'aa laga Abbayyaa waliin waliigaltee loltummaa taasiftee, RD Kongoo waliin ammoo waliigaltee invastimantii waliin mallatteessite. Pirezidaantiin Kongoo Feeliiks Tishekedi Guraandhala keessa wayita Kaayiroo daawwatanitti, motummoonni Masriifi Kongoo dameewwan bu'uuraalee misoomaa, annisaa fi bishaan dhugaatii dabalatee dhimmota garaagaraa irratti walii galte mallatteessanii ture. Mootummaan Kongoo jidduugala biyyattii bulchiinsa Saanburuutti laga Buulii irratti pirojaktii bishaan dhugaatii ijaarsisuuf kubbaaniyaa Masrii waliin waliigalteerra gaheera. Fiiliks Tishekediin kubbaaniyyaan Masrii keessattu dameewwan akka ijaarsaa, annisaafi bu'uuraalee misoomaa irratti gahee bahaa jiran leellisaniiru. Kana malees jijjirraan invastimantii fi daldala Masrii Kongoo keessatti guddisuun waliigalamuun himameera. Ruwaandaa Ajajaa muummeen waraanaa Masrii Leeftinaant Janaraal Mohaammad Faariid Caamsaa 27 - 29'tti Ruwaandaatti daawwannaa hojii gaggeessanii ture. Daawwannicha hordofees ibsa Caamsaa 29'tti Ajajaa muummeen waraana Masrii Leeftinaant Janaraal Mohaammad Faariid fi Ajajaan Waraana Ruwaandaa Jeenaraal Jeen Bookoo Kaazuraa marii waloo taasisuu dubbataniiru. Mariiwwan taasifamanis walta'iinsa loltummaa kanaan dura turan cimsuurratti kan xiyyeeffatan ta'u ibsanii ture. Ruwaandaafi Masriin walitti dhufeenya isaan jidduu jiru cimsuufi diinagdeefi daldalaan akkasumas haalawwan gama loltummaa fi tikaatiinis bu'aalee waloosaanii gabbiisan irratti hojjataa turan jedhameera. Kana dura Ruwaandaan barattoota ishee barnoota waraanaatiif gara Masriitti ergaa turte jirti. Sudaan Kibbaa Masriin waliigaltee loltummaa Sudaan Kibbaa waliin dhiheenya taasifte jedhame ilaalchisee ragaa argachun hindanda'amne. Siriiyyuu Sudaan Kibbaa gaaffii waggaa tokkoon dura Masriin daangaa biyyattii keessatti kaampii loltummaa hundeessuuf dhiyeessite mirkanneesite jirti jedhu balaaleeffattee jirti. Ministirri Walta'insa Dhimmoota Alaafi Idil-Addunyaa Sudaan Kibbaa bakka bu'aa oduu Anaaduluutti tibbas akka jedhaniitti ''wanti akkasii hinjiru.'' ''Daangaa Sudaan Kibbaa keessatti Masriidhaaf lafa loltummaa kennuuf waliigaltee irra hingahamne.'' Gaaffiin Masriin Paagaakiitti kaampii waraanaa ijaaruuf dhiyeessite mootummaan Sudaan Kibbaa waliigalamuun midiyaalee hawaasaa irratti bal'inaan dubbataa kan ture yoo ta'eyyuu, Sudaan Kibbaa garuu dhimmicha ni balaaleeffatti. Paagaakiin Sudaan Kibbaatti bulchiinsa Abbayyaa olaanu keessatti kan argamu yoo ta'u, magaalaa dhiheenya daangaa Itoophiyaatti argamuudha. Buruundii Aanga'oonni waraana Masriifi Buruundii baatiiwwaniin dura Kaayiroo keessatti wal arguun waliingaltee walta'iinsaa leenjii loltummaafi dameewwan leenjii waloo irratti waliin mallatteessaniiru. Waliigaltichis biyyoonni lamaan oggeessota waljijjiiruu kan dandeesisuudha jedhameera. Kunis waraanni biyyoota lamaanii dhimmoota waloo ta'an irratti walta'iinsa qabaachu isaanii kan mul'suudha jechuu midiyaaleen dubbi himaa Raayyaa Masrii eeruun gabaasanii ture. Ajajaan Humna Waraanaa Buruundii Piraayiim Niiyoongaabaa Masriitti dowwannaa ifaa kan taasisan yoo ta'u, Ajajaa mummeen Waraana Masrii Leeftanaant Janaraal Mohaammad Faariid waliin wal arganii mari'achun himamee ture. Faariidiifi Niiyoongaaboon walta'iinsa loltummaa biyyoota lamaan jidduu cimsuuf mari'achuu dubbatan. Taanzaaniyaa Masriifi Taanzaaniyaan walta'iinsa loltummaa biyyoota lamaan jidduu haala itti cimuurratti waliigaltee irra kan gahan waggaa tokkoon dura ture. Tibba sanattis, Ministirri Raayyaafi Tajaajila Biyyaaleessaa Taanzaaniyaa Huseen Miwiiniin biyyisaanii Masrii waliin dameewwan adda addaa irratti walitti dhufeenya ishee cimfachuuf fedhii akka qabdu ibsanii ture. Ministirichis Pirezidaantii Masrii Abdul Fattaah Al-Sisii dabalate, Ministira Ittisaa biyyattii Mohaammad Zaakii fi Masriitti Ambaasadara Taanzaaniyaa bakka argamaniitti marii taasisuun isaanii gabaafameera. Miwiiniin Ministiroota Ittisaa biyyoota lamaanii jidduutti keessattu shororkeessuummaa ittisuurratti walta'iinsa cimsuuf fedhii qabaachu ibsaniiru. Kana malees, Taanzaaniyaan teeknoolojiiwwan kubaaniyyoota oomisha loltummaa Masrii fi dandeettii namaa fayyadamuuf fedhii akka qabdu himan. Pirezidaantii Sisiin gama isaanitiin, tibba sanatti waliigaltee walta'insa loltummaa Taanzaaniyaa waliin taasisan gammachuun kan simatan ta'u gabaafamee ture. Yugaandaa Masriifi Yugaandaan gama ragaa loltummaa waliin qoduurratti waliigaltee kan waliin mallatteessan baatiiwwan lama dura ture. Waliigalteen Yugaandaatti itti - gaafatamaan Tika loltummaa Abeel Kaandiihoo fi gama Masriitiin Janaraala Tika Loltummaa Saameeh Saabar Al- Dagiwii jidduutti mallatteeffameen, biyyoonni lamaan ''waliin shororkeessuummaa ittisuu'' dabalatee odeeffannoo wal jijjiruu kan dabalatu jedhameera. Tibba sanatti Saameeh Saabar Al- Dagiwii ''Yugaandaafi Masiriin Abbayya kn walii qooddatan waan ta'aniif, waliigalteen biyyoota lamaan jidduu jiru kan hinhafnedha. ''Sababiinsaas dhimmi lammiilee Yugaandaa tuquu karaa tokkoonis ta'ee karaa biraatiin Masrii kan tuquudha,'' jedhanii ture.
GEM-xlsum_oromo-train-77
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53783277
''Amallee Miidhamtootarra doorsifni gahaa jira''-Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Art. Haacaaluu Hundeessaa hordofee rakkoo dhalateefi sarbama mirga manoomaa mudate torbee lamaan darbaniif Oromiyaa keessatti naannolee rakkoon mudatee turetti garee qorannoo gaggeessu isaa ibsa Hagayya 14 baaseen beeksiseera.
miidhama qabeenyarra gahe Haaluma kanaanis naannolee rakkoon keessatti dhalate 40 ta'anitti garee qorannoo erguun maatii miidhaan irra gahe, dhuga baatotaafi hooggantoota mootummaa dubbisuun ragaa walitti qabuuf yaaluus ibseera. Komishinichi argannoo qorannoo isaa guutuu duudhaalee mirga namoomaa waliin wali biratti madaalee dhiyeenyatti kan gabaasu ta'uu himuun, dhimmootni attattamatti furmaata argachuu qaban jedhu eereera. Kanneen keessaa inni jalqabaa ammallee miidhaan nurra gahuu mala jedhanii jiraattota yaadan kan jedhu ilaallata. Naannolee rakkoon keessatti dhalatee ture amma tasgabbiin fooyyee qabu jiraatus naannolee tokko tokkotti lubbuu namaa, qaamaafi qabeenyarra miidhaan qaqqabuu danda'a yaaddoon jedhu jiraachuu dhaabbatichi hubadheera jedheera. Namootni naannolee kana keessa jiraataniifi kanaan dura miidhamuu isaanii gabaasan, ammallee gareelee adda addaan doorsifni irra gahaa akka jiru himaniiru jedheera. Akka fakkeenyaattis magaalaa Dodolaa keessatti A.L.I Adoolessa 9, maqaan namoota 60 ta'anii tarreefamee yoo magaalattii gadhiistanii hin baatan ta'e tarkaanfiin isin irratti fudhatama waraqaan jedhu bittinaa'uu, magaalaa Baatuuttis miidhamtootni ammaas magaalaa kana gadhiisa baha dorsifni jedhu bilbilaafi qaamaan isaan gahaa kan jiru ta'uu eereera. Dabalataaniis magaala Shaashamannee keessatti namootni hin beekamne manarra naanna'uun qarshii kuma 5-10 hin fiddan taanaan ammas qabeenyi keessan ni gubata, isin ajjeefna dorsifni jedhu isaan qaqqabuu miidhamtootni himaniiru jedheera gabaasichi. Naannolee akka Buraayuu addatti ammoo naannoo Kattaatti qaamoleen nageenyaa osoo hin hafiin namootni reebichi irraan gahaafi doorsifamaa akka jiran hubadheeraa jedheera Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa. Naannolee kana keessatti mootummaan Federaalaafi Naannoo Oromiyaa qorannoo gaggeessanii balleesitoota akka adda baasaniifi rakkoo kana akka to'atan yaada dhiyeesseera. Qaamoleen seera eegsisaniifi nageenya tiksaniis gaafatama isaanii yeroo bahan mirga namoomaa haala kabajeen akka raawwatan gaafateera. Naannolee yaaddoon nageenyaa isaan mudateen alattis kannen biroo sakkaman adda baasuun eegumsi dabalataa akka taasifamus gaafateera. Miidhamtoota kana qaamaanis, diinagdeenis, xiinsammuunis deebisanii ijaaruun barabaachisaa waan ta'eef deeggarsa namoomaa kennuuniis dhimma isa lammataa furmaata atattamaa barbaadu ta'uu gabaasichi eereera. Qabinsa Mirga Namoomaa hidhamtootaa Komishinichi Oromiyaa keessatti bakka garaagaraatti gareewwan isaaa qorannoof bobbaase keessatti taatee mudate hordofee namootni hedduun to'annoo jala ooluu isaanii hubachuu ibseera. Manneen hidhaa Oromiyaa keessatti irra deeme daawwate keessatti rakkoolee sarbama mirgaa hidhamtoota mudateera jedheen kanaa gadiif furmaatni atattamaa akka kennamu gaafateera. ● Naannolee hedduu keessatti shakkamtootni kutaaleefi bakka dhiphaatti heddumatanii hidhamuun isaanii Covid-19'f saaxilamummaa jiru bal'isuu, ● Dhiyeessiin nyaataafi wantoota qulqullina ittiin eeggatanii muraasa ta'uu, ● Hidhamtoota muraasarratti reebichii fi sarbamni mirgaa qaqqabuufi kuniis kan hinqoratamne fi gaafatamni kan hin jirre ta'uu, ● Naannolee tokko tokkotti daa'immaniifi gaheessonni walumatti hidhamuu ● Manni Murtii kenneen mirga wabiin gadhiise sababa garaagaraatiin mana hidhaa tursuu ● Hidhamtootni hangi ta'e saffisaan Mana Murtii dhiyaachuu dhabuu Mootummaan Federaalaafi Naannoo Oromiyaa yakka hidhamtootaa saffisaan qoratee kanneen bilisaafi wabiin gadhiifamuu qaban dafee akka gadhiisuu Dhaabbatachi yaada furmaataa jechuun dhiyeesseera. Dabalataaniis kanneen Manneen Murtiitti hin dhiyaatiin saffisaan Mana Murtiitti dhiyeessuufi dhiphina manneen hidhaa furuuf bakka tursiisaa biroo barbaaduun barbaachisaadha jedheera.
GEM-xlsum_oromo-train-78
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46148314
Daa'imman Bhutan walitti maxxananii dhalatan gargar ba'an
Doktaroonni Awustiraaliyaa daa'imman Bhutan walitti maxxananii dhalatan gargar walirraa baasan.
Daa'imman lammii Bhutan ,Nimaa fi Dawaa Daa'imman umurii ji'a 15 kunneen maqaansaanii Niimaa fi Daawaa Peelden jedhamu. Mormaa fi mataan alatti qaamni gara biraan walitti maxxaneeti kan dhalatan. Tiruu tokkoon dhalatan. Ji'a darbe haadhasaanii waliin Hospitaala Meelbarni geeffaman. Daa'imman soorata madaalawaa haalaan hanga fayyadamanitti utuu eegnu har'a genye jedhu doktaroonni. Garee baqasanii yaaluu geggeessaa turan kan dursan Dr. Joe Crameri wal'aansi sa'atii ja'atti xumurame milkaawaa ture jedhan. Daa'imman lameenuu amma haala gaariirra jiraachuus ibsan. ''Hojii keenyaan milkoofnee oduu gammachiisaa haadha daa'imman kunneenii dhageessisuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru'' jedhan Dr. Crameri. Yaalii baqasanii yaaluu daa'imman kanaaf Hospitaala Daa'immanii magaalaa Meelbarnitti taasifamerratti ispeeshaalistoonni 18 hirmaataniiru. Daa'imman walitti maxxananii adunyaarratti muraasa. Daa'imman 200,000 keessaa tokko ta'u kan walitti maxxananii dhalatan. Dhibbeentaa 40 hanga 60 kan ta'an ammoo lubbuun turuuf carraa qabu. Niimaa fi Daawaan walitti garagalanii walitti maxxananii dhalatan, qofaa qofaa taa'uu hin danda'an, yoo dhaabatanis walumaani. Harmeen daa'imman kunneenii ,Bhumchu Zangmo, baattee jirti Doktaroonni amma tiruu daa'imman kunneenii adda baasaniiru. Mar'imaanni daa'imman lameenii tokko miti, doktoroonni akka walittii baasuu danda'an abdiidhaan itti seenan. ''Akka milkoofnu abdiin nu keessa tureera. Garuu dhummi isaa maal akka ta'u sirriitti hin beekuu hin dandeenye ture'' jedhan Dr. Crameli. Dhaabbata tola ooltumaa Awustiraaliyaa 'Children First Foundation' jedhamutu daa'imman kunneen mana yaalaatti fide. Isteet of Viiktooriyaan ammoo baasii tajaajila wal'aansaa doolaara Ameerkaa 225,000 kenneeraaf.
GEM-xlsum_oromo-train-79
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56059695
MM Abiy fi aanga'ootni biroon Dambi Doollootti ijaarsa daandii eegalsiisan
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, Itti aanaan isaaniifi Ministirri haajaa alaa obbo Dammaqaa Mokonniifi aanga'ootni mootummaa biroon magaala Dambi Doollootti argamuun ijaarsa daandii aspaaltii Dambi Doolloo-Muggii-Dollaa km 50.9 dheeratu jalqabsiisan.
Daandiin kun waggaa sadii fi ji'a ja'a keessatti kan xumuramu akka ta'eefi baasiin qarshii biiliyoona 1.6 kan itti bahu akka ta'e hoji gaggeessaan abbaa taayitaa daandiiwwanii Itoophiyaa Injinar Habtaamuu Taganyi himaniiru. Piroojeektiiwwan biroon saddeetis kan itti fufan akka ta'u dubatan. Kaampaniin Chaayinaa 'China railway seventh group' akka hojjetus dubbatan. ''Hojiin kun yeroo qabameen dura xumuramee akka eebbifasaaf wal arginu nageenya eegsisuun tumsaa'' jechuunis dhaaman. MM Abiy Ahimad Lixa Oromiyaa keessatti hojii misoomaa dagatamee ture reefu eegalaa jirra jedhanii, dargaggotni nageenya eegsisuun yaada mormii yoo qabataniis karaa nagaa akka dhageessisan waltajjii bakka bu'ootni uummataa irratti argaman irratti dhaaman. Pireezidantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Lixni Oromiyaas ta'e lixni biyyattii akkuma jirutti dukkana keessa ture, amma ifa baasuuf qormaata keessatti hojiilee hedduu hojjechaa jirra jedhan. ''Lixa Oromiyaarratti dukkana osoo hin ta'iin ifa caalmaatu bahuu qaba'' jedhan. MM Abiy Ahimad maal jedhan? MM Abiy Ahimad haasaa taasisaniin namoota naannoo sanii bahanii biyyaafii addunyaarratti beekaman akka Abdiisaa Agaa yaadatani. Namoota bebbeekamoo naannoo sanii bahan biroo akka Luba Guddinaa Tumsaa, Maartii Luutar Kiingiin gadi nama hojjete miti jechuun leellisan. ''Maartiin Luutar Kiing keenya Luba Guddinaa Tumsaati'' jedhan. Namoota qabsoo uummata Oromoo fi Itoophiyaaf aarsaa kaffalaniiif ammallee qabsaa'aa turaniifi jiran akka Baaroo Tumsaa, Leencoo Lataa, Haayilee fidaafi kaan kaasuun Itoophiyaan namoota kana yaadachuutu irra jira jedhan. ''Amma fedhiin keenya Wallagga sudaanitti baasuudha, wallaggaa Beenishaangulitti baasuu, wallagaa Gojjamitti baasuudha'' jechuun ijaarsi daandii kun kutaalee itti aanan qabaachuu himan. ''Hojiilee misoomaa akka kanaa kan hojjennu Wallaggii kanaa olitti ta'uufiin waan irra jiruuf, kana dura dagatamee waan tureefi'' jedhan. ''Xiyyeefannaa addaatiin naannoo kana misoomsuuf kan kaane waan dagatameefi jedhan.'' Qabsoon walirratti godhamu karaa nagaan ta'uu qaba jechuunis dargaggootaaf dhaamsa dhaaman. ''Daandii dhaabuun, Yunivarsiitii dhaabuun, maqaan haaraan uummata keenyaaf akka bahu gochuun nu miidha'' jedhan. Dargaggeeyyiin nageenya mirkaneessuun yaada mormii qaban ammoo karaa nagaa akka dhiyeessan gaafatan. ''Wacuun nama hin fayyisu, kan nama fayyisu waan gochuu dandeenyu hubachuun gochuudha. Kan nurraa eegamu hojjechuudha.'' jedhan. Ministirri Muummee Itti Aanaafi Ministirri Haajaa Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin ammoo dargaggummaa isaaniirraa eegalee hiriyyoota naannoo kanaa irraa odeeffannoo waayee naannoo kanaa odeeffachuufi amma achitti argamuu isaaniitti gammaduu dubbatan. Yunivarsiitiin akka Dambi doolloo Yunivarsiitii biyya jabaa itti ijaarru ta'uu qaba malee kan barattootni itti yaaddahan barattootni dubaraa itti butaman ta'uu hin qabuu jedhan. ''Yeroon amma caala waliin ta'uun guddachuu, misoomuufi ammayyaa'uu hin jiru. Yeroo keenya kanatti itti haa beeknuu'' jedhan. Maandhee Waraana Adda Bilisummaa Oromiyaati jedhamuun kan maqaan dhahamu Godinni Qellem Wallaggaa yeroo baayyee Qondaaltonni Mootummaa Olaanoon wayita garas imalan hin mul'atu. Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara Wallaggaa deemuuf akka sodaa qaban Kanaan dura dubbatanii turan. Jiraattonni Godina kanaa yeroo garaagaraatti dubbisne akka himanitti loltoota mootummaa fi humnootii hidhatanii bosona keessa socho'an kan Waraana Adda Bilisummaa Oromoo jechuun of waamu gidduutti lubbuunsaanii badaa akka jiruu fi gidirfamaa akka jiran nutti himaa turan. Mootummaan akka jedhutti rakkoo nageenyaa Godina Lixa Oromiyaa keessattuu Godina Qellem Wallaggaa keessatti mudateef humna hidhatee socho'u 'ABO shanee'' ittiin jedhan komata. Lolli qaama hidhatee bosona jiruu fi mootummaa gidduutti adeemaa jiru hojii misoomaa hojjechuun hafee uummatni nagaan bahee galuu sadarkaa hin dandeenyerra gahee akka ture jiraattootni irra deddeebiin BBC'n dubbisaa turre himaa turan.
GEM-xlsum_oromo-train-80
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55338357
Lola Tigraay: Yaadannoo gaazexeessituu raadiyoo DW Sudaanitti baqattee jirtuu
Gaazexessituun sababii lola naannoo Tigraay Sudaanitti baqachuuf dirqamte, attamiin jireenya baqattummaaf saaxilamuun mooraa baqattootaa Sudaan keessaa akka seentee fi imala ishee akkasiin BBCtti himte.
Gaazexeessituun nageenya isheef jecha maqaan akka dhokatuf gaafattee akkasiin udannoo ishee eegalti. Dhaladhee kanan guddadhe lixa Tigraay Magaalaa Humaraa keessatti. Hanga baatii tokko duraattis riipportara buufata raadiyoo Dimtsa Wayaaneen ture. Maatii sadarkaa jireenyaa lammii Itoophiyaa kaaniin wal fakkaatu keessattiin guddadhe. Magaalaa keenya keessa namoonni saba Tigree, Oromoo, Amaaraa fi kan biyya akka Sudaanii fi Naayijeriyaa osoo hin hafne nagaan waliin jiraatu. Jaalalaafi kabaja olaanaas walii qabna turre. Humaraan akka gammoojjii jannataatti beekamti. Qabeenyaawwan hedduufi lafa qonnaa ballaatu jira. Kanaafu, tibba bonaatti naannoo Amaaraa fi iddoowwan biraa irraa hojjatoota kuma dhibbaan lakkaa'amantu gara sana dhufa. Magaalaa sochiin diinagdee itti heddummaatuudha. Onkoloolessa 18 irratti, hayyama waggaa kiyya fudhadheen Maqalee irraa maatii kiyya bira Humaraatti imale. 'Waraanni waan hin oolle...' Yeroo boqonnaa kiyyatti maatii fi hiriyoota waliin dabarsuuf abdadheen ture. Sadaasa 19 gara hojii kiyyatti deebii'uufan ture. Dhugaattis jalqaba boqonnaa kiyyaatti maatii fi hirriyoota kiyya waliin yeroo gaarii dabarseera. Haata'u malee, mootummaa federaalaa fi TPLF kan naannoo Tigraay hogganu jidduutti muddamni cimaa dhufuu hubanne. Guyyaa tokko hogganaan mootummaa naannoo Tigraay yeroo nanaa Dabratsiyoon Gabramikaa'eel ibsi miidiyaaf kennee TV naannichaatiin darbe nu rifaasise. 'Wanti hundu xumurameera. Ummanni Tigraay qophii barbaachisuu taasisuu qaba' wayita jedhuun dhagahe. Waraanni ummata irratti gaggeeffamuun waan hin olle akka ta'e naaf gale. Dabratsiyoon yeroo ibsa kennu hunda 'qophaa'aa' jedha ture. Garuu kan guyyaa sanaa baay'ee cimaa fi adda ture. Kanaafuu, hiriyoota kiyya Maqalee jiranitti bilbileen, waa'ee ibsa kana gaafadhe. Nutis 'jechi isaa ammaa ni sodaachisa. Maaltuu ta'uuf jiraa?' jenne. 'Leenjii loltootaa ta'uu mala' Isaan boodas yeroo dheeraa hin fudhanne. Halkanuma sana dhukaasni rasaasaa eegalame. Ibsa Dabratsiyooniin baay'een jeeqamee ture. Ergasii baay'ee hin rafnen ture. Halkan sa'aatii 8 irratti ka'ee bilbila kiyya yoon ilaalu, ergaan barreeffamaa hedduu hiriyoota kiyya Maqaleerraa naaf ergameera. Wanti ta'aa ture waan naa hin galiinif, kaaniif deebii kennuun yaale. Garuu networkiin akka hin hojjannen hubadhe. Sararri bilbilaa fi intarneetii battaluma sanatti kutameera. Obboleessa kiyya angafaa maaltu ta'aa jiraa? jedheen gaafadhe. Innis 'hin beeku, leenjii loltootaa ta'uu mala haa rafnu' naan jedhee rafne. Garuu barii kan dhageenye waan addaati. Ministirri Muummee tarkaanfii waraanaa TPLF irratti akka fudhatamuuf ajaja dabarsaniiru. Erga lolli labsamee torban booda, fira kiyya hospitaala Kahsaay Abaraa keessatti wal'aansarra jiru gaafachuun deeme. Battalumatti dhukaasa cimaa gama ollaa Eertiraatiin dhufu dhagahuu eegalle. Namni hundi naasuun guutame, jiraattonnis gariin battalumatti dhokkachuuf gara baadiyaatti baqatan. Manni kiyya magaalaarra fagoo fi gara daangaa Eertiraatti dhiyoo ture. Kanaafu gara mana haadha kiyyaattin fiigaa ture. Namoonni garuu gara dhukaasaatti fiigaa jirta naan jechuun na akeekkachisaa turan. Garuu haadha kiyya bira gahuu waanan barbaadeef fiiguun itti fufe. Yoon qaqqabus, sayyuuwwan kiyyaa fi ijoollee wasiillan kiyyaa waliin nyaata erga nuuf kennameen booda, 'amma asii bahuu qabdu' nuun jedhan maatiin kenya. Kanaafuu gara bataskaana Mikaa'eelaa dhiheenyatti argamutti baqachuun achi dhokanne. Baqannaa Garuu dhukaasni cimaan ittuma fufe. Dhukaasni muraasni magaalaa keessa qubatullee, akkan yaaduutti kan isaan irratti xiyyeeffatan buufata Humna Addaa Tigraay dhiyeenyatti argamu ture. Guyyaa sana bataskaanuma keessatti kadhataa hanga halkan keessaa sa'atii afuriitti dabarsine. Gama biraatiin ammoo obboleessi kiyya hangafaa loonii fi midhaan eeguuf goodaa ture. Galgala nu barbaacha bataskaanicha dhufee ijoollee isaas arge. Garuu 'ka'aa gara Sudaaniitti baqadhaa' nuun jedhe. Osoo maatii keenyatti nagaa hin dhaamin gara magaalaa daangaa kan taatee Diimaatti doqdoqeedhaan nu geesse, halkan achitti dabarsine. Humaraan daangaa Eeritraa fi Sudaan irraa baay'ee fagoo hin jirtu. Kanaafuu ammalleen dhukaasa meeshaalee gurguddoo gara Humaraatti dhuka'u inuma dhageenya ture. Yeroo kana waa'ee maatii kiyyaa baay'ee yaadda'uun eegale. Daangaa Eertiraatti dhiyoo turan. Mana jireenyaa maatii keenyaa duuba kaampiiwwan Humna Addaa Tigraay hedduutu ture. Garuu filannoo tokko malee gara Haamdaayit, Sudaan baqadhe. Guyyaa jalqabaa achi geenyeetti baqattoonni dhufan baay'ee waan turaniif hanqinni dhiyyeessii mudate ture. Magaalaan kunis Humaraa irraa baay'ee fagoo waan hin taaneef, waanuma daangaadhuma qofaan adda baanu fakkaata. Ammas kaampichuma keessan jira. Yeroo tokko tokko gaazexessitootaa fi qaamolee biraa daawwannaaf buufaticha dhufaniifan haala mijjeessa. Asitti namoonni hedduun dhiphina sammuu rakkataa jiru. Tibba waraana Itiyoo-Eertiraa ani daa'ima waggaa shaniin ture. Garuu yeroo hundan yaadhadha. 'Baqattuun ta'a jedhee gonkumaa hin yaadne' Maatiin kiyya bara jireenya isaanii guutuu waraanaa fi walitti bu'insaan dabarsan. Garuu bakka jireenyaa isaanii hin buqqaane ture. Har'a garuu Humaraan sababii lolaatiin bakka addaa taatee jirti. Jiraattoonni ishee hedduun buqqa'anii, manneenis gubatanii qabeenyaanillee hatameera. Akkuma bilbilli deebi'een maal keessa akka jiran hubachuuf firoota kiyyaaf bilbileen ture. Nagaa ta'u natti himan. Tigraayiitti lolli karra maatii hundaa seeneera. Lolli gaarii miti. Hundi keenya yaadannoo sana qabna. Ani baqattuu ta'ee buufata baqattootaa Haamdaayit keessattiin of arga jedhee gonkumaa yaadee hin beku ture. Wayita namoonni du'an argeera. Waanan arge sana akkan itti dagadhu hin beeku. Seenaa namoota sababii waraana Siriyaatiin miidhamanii ilaalaa fi dhagahaan ture. Innis kan addunyaa kanarratti eenyuunuu akka mudatu hin barbaadneedha. Baayyeen gadda. Namoonni dahannoo baqattotaa yeroo kana keessatti argamanis gara lafa jireenyaa isaaniitti deebii'uuf abdachaa jiru. Namoota Daanshaa irraa dhufan keessaa hirriyoota muraasa argadheera. Tibba lolaatti ajjeechaa fi dararaa hedduu argu natti himan. Akka gaazexeessituutti waan guyyaatti arguu fi na mudatan qabachuuf, waraabduu sagalee fi waraqaa yaadannoon qaba ture. Yeroo hundas suuraalee bilbila harkaa kiyyaan kaasuun jaaladha. Garuu wayita gara bataskaanaatti fiigne sanatti, booda gara maatii nan deebii'a jedhee waanan yaadee tureef bilbila kiyya manattiin dhiisee bahe. Booda guyyoota 10n boodan obboleessa kiyya irraa bilbila argadhe. Kanaafuu miirawwan guyyoota jalqabaa muraasa turan qabachuu dhiisuu kiyyatti baay'een gadda. Garuu ammoo hundumaa sammuu kiyya keessaa qaba. 'Lolaan dura jiruun bareeda turte' Wayita Dabratsiyoon 'kallattii hundaanu qophaa'aa' jedheetti, maal jechuu akka ture naaf hin galle ture. Waan akka kanaa ni ta'a jedhees hin yaadne ture. Kanaaf baankiidhaa illeen maallaqa hin baafanne. Wayitan Maqalee tureetti barii sa'aatii 11tti ka'een sa'aatii tokkoof fiigan ture. Torbaniitti guyyoota jahaaf waanan hojjadhuuf guyyaa Dilbataa yeroo hunda Tigraay bakkeewwan adda addaa keessan miilaan deema ture. Lolaan dura jiruun baay'ee bareeda turte. Amma garuu sababii haalli as jiru hin mijanneefu sochii qaamaas ta'ee fiiguu hin danda'u. Guyyaa guutuu buufaticha keessa ta'ee yaadda'udhumaanan dabarsa. Tigraay keessaan baha jedhees gonkumaa yaadee hin beeku. Kanaafuu paaspoortiillee hin qabu. Gara biyyaa deebi'ee ummata gargaaruun barbaada. Deebi'ee ogummaa gaazexeessummaa kiyyaan hojjachuun barbaada. Lolaan dura, karoorawwan hedduun qaban ture. Digrii kiyya lammaaffa barachuu, mana ijaarachuu fi waan biraa hedduun yaadaa ture. Waanan baay'ee ijoollee ta'eef abdii gaarin fuuldura kiyya akka jirutu natti mul'ata ture. Ammalleen, boru biiftuun abdii akka nuuf baatee abjuun keenyas fiixaan bahun abdadha. Wanti amma na mudate kunis akka carraa isa egeree gaariitti na ceesisuuttin fudhachuu barbaada.
GEM-xlsum_oromo-train-81
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45801656
LTV: 'Abbaan Taayitaa Biroodkastii akeekkachiisa nuuf kenne hin qabu'
Tibbana Televizhinii LTV irratti gaaffii fi deebii dura taa'aan Paartii Sosochii Amaaraa Dr Dassaaleny Caannee, Beteliyeem Taaffasee waliin taasise hordofee buufata televizhinichaaf akeekkachiisni kennameera jedhamuun miidiyaalee hawwaasaa irratti ibsamaa ture.
Loogoo LTV Bulchiinsa humna namaa LTV kan tahan Aadde Addis Birhaanuu akeekkachiisni isaaniif kenname akka hin jirree BBCtti himaniiru. Abbaan Taayitichaa marii gamaggamaa miidiyaalee waliin taasisan irratti gaffii fi deebichi ka'uun haala siyaasaa amma jiru waliin kan wal fudhannee fi akkasumas dubbii kakaasuu waan danda'uuf sirrii hin turre yaadni jedhu akka isaaniif kenname himan. Wal gahicha irratti akka argaman kan himan Aadde Addis, qofaatti waamuun akeekkachiisne nuuf kenname tokkollee hin jiru jedhan. Kana immoo akkka akeekkachiisaatti hin fudhadhuu kan jedhan Aadde Addis, gaaffii fi deebichi kan miidiyaalee hawwaasaa irraa balleefames yaada Abbaa Taayitichaa waliin wal qabatee akka hin taane himaniiru. ''Miidiyaalee hawwaasaa irraa fedha keenyaan balleessine. Jireenya dhuunfaa gaazexeesituu Beeteliyeem wantootni tuqan waan jiranii fi arrabnis waan baay'ateef haalicha qabbaneesuuf jecha.'' Miidyaalee hawwaasaa irratti akka hojii gadhiiste kan odeeffamus tasumaa soba tahuu himaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-82
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46458054
Aanga'oonni ol-aanoo Beneshaangul Gumuz to'ataman
Naannoo daangaa Beneshaangul Gumuziifi Oromiyaa gidduutti walitti bu'insa uumamee tureef shakkamtoota kan jedhaman aanga'oota ol-aanoofi sadarkaa giddu galeessaa shan to'annaa jala ooluu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.
Xiyya Poolisoonni Federaalaa namoota Benishaangul Gumuz irraa qabame Akka EBC'n gabaasetti humni Poolisii Federaalaa ergama shakkamtoota to'annaa jala oolchuutiif bobba'ee tureen shakkamtoota kunneen kan ta'annaa jala oolche. Kanneen to'annaa jala oolan kana keessaa Itti-aanaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa naannichaa kan ta'aniifi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asoosaa duraanii keessatti akka argaman humni poolisii kun beeksiseera. Akka Poolisiin Federaalaa jedhutti, shakkamtoonni kunneen walitti bu'insa yeroo darbe magaalaa Asoosaatti uumamee tureef akkasumas akkasumas walitti bu'insa naannoo Oromiyaafi beneshaangul Gumuz gidduutti uumame ture kan shira rakkoo kanaa kan uuman jedhamuun shakkaman. Gareen humna poolisii Federaalaa kun shakkamtoota to'annaa jala oolchuun cimee kan itti fufu ta'uullee beeksiseera.
GEM-xlsum_oromo-train-83
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42686097
Miidiyaa maxxansaa Itoophiyaa 'balaaf saaxilame'
Magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessa kan jiraattu Albaab Hayiluu yeroo mara ganama ganama gara hojii ishee yoo deemtu waa taajjabdi. Jiraattonni magaalattii sochii tiraafikaa rakkisaa ta'e keessattis konkolaataa dhunfaas ta'e kan uummataa keessatti Gaazexaa dubbisu.
"Jiraattonni magaalaa Naayiroobii odeeffannoo gaazexaa irraa argataniin jiruufi jireenya isaanii gaafa gaggeessan yoon argu, hedduun hinaaffa," jetti. Bara 1902 A.L.I gaazexaa jalqabaa 'Aa'imiroo' jedhamtuu maxxanfamuu erga eegaltee as, mootummoonni Itoophiyaa bulchaa turan damee miidiyaa maxxansaa irratti dhiibbaa gaariifi badaa mataa mataa isaanii uumanii jiru. "Miidiyaan maxxansaa erga ADWUI'n aangootti dhufee as yeroo murtaa'eef guddina gaarii agarsiisee ture, amma garuu rakkoo cimaaf saaxilamee jira," jedhu Yuunivarsiitii Finfinnee muummee Gaazexeessummaafi Komunikeeshinii hogganaa kan turanifi wayita ammaa Yuunivarsiitii Niiwu Meksiikoo biyya Ameerikaatti piroofeesarummaan tajaajilaa kan turan Dr. Abdiisaa Zara'aay. Filannoo bara 1997 Yeroo gara garaatti qopheessaa barruulee adda addaa ta'ee kan hojjetaa tureefi dhiheenya kana mana hidhaatii kan gadi dhiifame gaazexeessaa Tamasgen Dassaaleny, "miidiyaan maxxansaa filannoo A.L.I bara 1997 booda jiru du'aadha" jedha. "Filannoo sanaan booda, dhiibbaan mootummaan keessattuu pireesii dhunfaarra geesisaa ture hamaa waan tureef gaazexoonni dhunfaa hedduun cufamanii jiru," jedha Tamasgen. "Bara 1997 booda seerota farra shororkeessummaa, hawaasa siivikii fi sabaa himaalee ilaalchisuun mootummaan baaseen miidiyaa irraa rakkoon cimaan gaheera" kan jedhan DR. Abdiisaan, "ergasii as miidiyaan maxxansaa dandamachuu hin dandeenye," jedhu. "Seeronni mootummaan baase kunneen sodaa nurratti uuman irraa kan ka'e yeroo tokko tokko maal maxxansiifne maal akka dhiisnullee hin beeknu turre," kan jette ammoo gulaaltuu barruu 'Addis Standard' kantaate gazexeessituu Tsedaale Lammaati. Barruun Addis Standard' waggoota shaniif osoo adda hin citiin erga maxxanfamaa turee booda sababa labsii hatattamaa bara darbe labsamee tureen maxxansi isaa adda cite. Dhiibbaa Teeknooloojii Gama biraan, teeknooloojiin dagagaa dhufuun miidiyaa maxxansaa irratti dhiibbaa uumeera kan jedhanis jiru. Albaab garuu kanarratti walii hin galtu. "Namni teeknooloojiitti fayyadamee bilbila harkaa isaatiin odeeffannoo barbaachisaa argachuu danda'uun isaa miidiyaa maxxansaa irratti rakkoo uumeera jedhee hin yaadu, Naayiroobii yoo fudhanne, teeknooloojiinis ta'e itti fayyadama intarneetiin hedduu nu caalu kun garuu jiraattota ishee gaazexaa dubbisuu hin dhorkine," jetti. Tamasgen fi Tsedalenis yaada kanarratti waliigalu. Miidiyaan maxxansaa laaffatuu isaatu namoonni gara marsaariitii fi marsaalee hawaasaa akka deebi'an godhe malee miidiyaan maxxansaa cimaan osoo jiraate, ammayyuu namni dubbisuu danuu ta'uu dubbatu. "Qabiyyeen marsariitii irraa argatan waan gahaa ta'eef namni gaazexaa fi barruulee bituu dhiise yaada jedhu hin qabu, haalli mijatee miidiyaan maxxansaa qabiyyee namni dubbisuu fedhu osoo qabatee bahee nama dubbisu dhaba jedhee hin yaadu," kan jedhu abbaa marsariitii 'Horn Affairs' Daani'eel Birhaanee dha. "Xiyyeeffannaan mootummaan damee kanaaf kenne gadi aanaadha, serri farra shororkeessummaas hanga murtaa'e dhiibbaa irraan gaheera garuu seerichi barbaachisaa miti jedhee hin yaadu," jedha Daani'eel. 'Ofiin of sakaaluu' Rakkoo miidiyaa hawaasaa amma mudateef sababootni biroos hedduutu jiru jedhu Dr, Abdiisaan. "Rakkoon keessoo inni tokko, gaazexeessitoonni damee kanarra jiran naamusa ogumichi barbaadu dhabuu isaaniiti, wantoonni barreeffaman sirna biyya bulchu balaalleffachuuf jecha arrabsoofi walitti bu'iinsaaf kan kakaasan, maqa balleessiifi wantoota akkasii hedduu qabu, kunis miidiyaan dhunfaa ofiin akka of sakaalu gochuu qofa osoo hin taane mootummaanis akka irratti xiyyeeffatu taasiseera," jedhu. "Gama biraan mootummaan amala miidiyaa maxxansaa hubachuu irraa kan ka'e dameen kun akka guddatu gochuu caalaa, faallaa kanaatiin akka quucaruu taasisee jira," jedhu. "Miidiyaan maxxansaa of sakaaluun akkuma jirutti ta'ee, silaa mootummaan irree itti jabeeffachuu caalaa akka biyyoota kaani, kaawonsilii pireesiin akka ilaalamu osoo ta'ee silaa fagoo imaluu dandeenya turre," jetti Tsadalen. "Tamasgen gama isaatiin, dameen miidiyaa maxxansaa balleessaa irraa bilisa ta'uu baatullee kun mootummaan irree itti jabeeffachuu isaaf sababa hin ta'u," jedha. Egeree... Barruuleefi gaazexaawwan dhunfaa afaanota gara garaan biyyattii keessatti yeroo gara garaatti maxxanfamaa turan erga cufamanii booda, keessumaa miidiyaan maxxansaa dhunfaa dhimma siyaasaa irratti xiyyeeffatee hojjetu dhibeera. Foorchuun, Rippoortar, Addis aadmaas fi kanneen biroo hojiitti jiranis dhimmoonni siyaasaa ciccimoo irratti hin xiinxalaman jetti Tsadaalen. "Biyya gaazexeessitoonni namoota yakka shororkeessummaa hojjetan jedhamanii shakkaman waliin qixa ilaalaman keessa jirra," kan jettu Tsadaalen, seerota damee kana sakaalanii qaban mootummaan fooyyessuu qaba, kun taanaan 'Addis Standard' wanti maxxansatti hin deebineef hin jirus jetti. "Mootummaaf heddummina jechuun sabaaf sab-lammii qofaan kan wal-qabatedha, haa ta'u garuu heddumminni wanta yaadaa fi faalasama waliin wal-qabatudha. Miidiyaa akka diinaatti ilaaluurra, gahee isaa akka bahu jajjabeessuu wayya," jedhu. "Yoomi laata namoonni biyya kootiis akka garaa isaaniitti gaazexaa gaggaragalchanii dubbisaa gara jiruu isaanii yoo deeman kanan argu," jettee of gaafatti Albaab.
GEM-xlsum_oromo-train-84
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43819513
Dhaloonni haaraan mo'atee waan ba'e fakkaata-Obbo Gabruu G/Maariyaam
Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsa jalqabame ciminiin itti fufsiisuu kan dandeessisu jedhame hoggantoota haarawaa muudeera. Ar'as Ministirri Muummee Dr. Abiyyis kaabinee isa waliin waadaa inni haasawaa isaatiin biyyaafi uummataaf waadaa gale tumsu jedhan filachuutti jira. Kun ergaa maalii qaba laa
Hasxaa DHDUO Siyaasa keessatti buleessa kan ta'an Obbo Gabiruu Gabiramariyaamiin muudama hoggantoota haarawaa haala amma kana keessatti ilaalcha siyaasaa maal agarsiisu akka qabu BBC'n gaafateera. "Dhugaa dubbachudhaaf ajajamanii hojjechaa turan. Oomaa waanti waldhoksinu hin jiru," jedhuun eegalan. Obbo Gabiruun, ajajaan ergamanii ammoo biyya bulchuun hin danda'amu jedhanii, "Akkuma Obbo Lammaan irra deeddeebiyanii dubbatan, 'Kanaan booda ajajamnee biyya hin bulchinu' isa jedhan ani itti gammadeera," irra deebiyanii yaadatu. Akkuma seeraafi heera biyya kanaatti naannoof kennamee sanaan naannoon sirriitti aangoo ofiin of bulchuu hojjiirra oolchuudha, jedhan Obbo Gabiruun. Yoo sun hin hojjetu ta'emmoo jedhan, akka fedhaan haa godhanii itti dhiisuudha. "Kana taanaanis Oromoon miliyoonni 50 kana waan godhu hin dhabu waan ta'eef." Obbo Gabiruun kan jedhan, yoo isaan seeraafi heera duukaa bu'anii hojjetan Oromoon isaan duukaa jira. Kanas qabatamatti agarsiiseera. Yeroo darbe simannaa Ministira Muummichaa Amboorratti ta'e deemanii hirmaatanii kan turan Obbo Gabiruun waan taajjaban dubbatu. Erga Ministirri Muumichaa deemanii bakka abbootiin fardaa walitti qabanii jiran tokkotti goruun maal akka isaan jedhan dhaggeeffachuun miira namootaas akka hubatan dubbatu. "Yoo waadaa gale kana hojiitti hin jijjiiru ta'e akkuma kana fardeen keenyaan itti yaana jedhu. Tarkjaanfiin barbaachisu qabatamaatti hin fudhatamu taanaan, keessattuu yeroo ammaa kana hidhaafi ajjeechaan Oromiyaa keessatti itti fufeera. Muudama isaa [tuffachuuf] waan godhaa jiran natti fakkaata warri Komaandi Postiin," jechuun ibsu Obbo Gabiruun. Muudamni hoggantoota haarawaa Naannoo Oromiyaatti ta'e kun rakkoo bulchiinsa gaaruu furuuf, tajaajila gaarii kennuuf, sadakaa federaalaatti gahee qabaachuuf, akkasumas dubartootaafi dargaggoota gara aangootti fiduuf xiyyeeffannaan kan hojjetamedha jedhama. Kana waliin walqabatee, kun ADWUI adeemsa isaa jijjiireera kan jechisiisudha jettanii yaadduu gaaffii jedhuuf, Obbo Gabiruun ADWUI keessa seenaa ilaaluu baadhus wallaansoon akka jiru ni mullisa jedhan. "Dhaloonni haarawwaan mo'atee waan ba'e fakkaata waan barbaade ta'us." Akka Obbo Gabiruutti, isa hanga ammaa DHDUO'n uummata saamsisaafi ficcisiisaa ture dhaabbachuu qaba yoo naannoon haala seeraafi heeraatiin of bulcha ta'e. Namoonni amma gara aangootti dhufan kun ADWUI keessa warruma turanidha. Garuu ajajamaa turan. Amma sammuu isaanii jijjiiranii, kan duraan barameefi bakka qabate itti fufa (Status quo) isa jedhu dhiisanii haala qabatamaan jijjiirame kana waliin deemuu yoo danda'an egaa DHDUO'n of jijjiiraa jira jechuun ni danda'am, jechuun ibsan. Haata'u malee, achi keessa dhufanii akkuma duriitti itti fufna yoo jedhan, dhamaatii Obbo Lammaafi Dr. Abiyifaa taasisaa turan gaadi'uudha jedhu Obbo Gabiruun. Akka ilaalcha isaaniitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa dubartoota gara aangootti fiduunis gaariidha, waan barbaadamudhas. Ar'as Ministirri Muummeen Dr. Abiy kaabinee haarawaasaa gurmeeffachuutti waan jiraniif, namoota akkamii ta'u jettanii yaaddu kan jedhuuf Obbo Gabiruun warra isaan waliin ta'anii waadaa isaan uummataafi biyya kanaaf galan fiixaan baasuuf tumsan filatu jedheen yaada jedhan.
GEM-xlsum_oromo-train-85
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55099660
Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Gara riphee loltummaatti deemuu malaa?
Fiixee Kaabaa Itoophiyaarraa ka'uun waggoota soddomatti siiqaniif Itoophiyaa olaantummaan kan bulchaa ture TPLF gaarreen Tigraayitti deebi'uun riphee loltummaan mootummaa federaalaa loluutti deebi'uuf qophaa'uutti jira ta'a.
Naannoon Tigraayitti waggoota lamaan darban leenjiin waraanaa hedduminaan keennamaa ture jedha qorataan ICG Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa garuu Sadaasa 4 irraa eegalee ''opereeshinii olaantummaa seeraa kabachiisuu'' jedhuun haleellaa eegaleen aanga'oota TPLF fi hoogganoota waraanaa walumatti 100 ol ta'an to'achuun riphee loltummaan akka hindhalannee abdateera. Aanga'oonni TPLF ajajni hidhaa irratti bahee humni nageenyaa Itoophiyaa adamsaa jiru kun, gameeyyii qabsoo waggoota 17 TPLF fi isa boodas mootummaa Itoophiyaa keessatti aangoo murteessoo akka waraanaafi tika qabatanii hanga MM Abiy bara 2018'tti aangoo qabatanitti barootaaf aangoorra warra turaniidha. MM Abiy jarreen kanaan ''cunqursitoota fi malaammaltoota'' jechuun yoo himatan, kanneen himataman kun ammoo himannaa irratti dhiyaate ni mormu. Dhufaatii MM Abiy booda naannoo deeggarsa jabaa qaban Tigraayitti kan deebi'an aanga'oonni TPLF, jalqaba ji'a kanaa buufata ajajaa waraana biyyaa kaabatti argamu tasa to'ataniiru. 'Du'uuf qophiidha' Dhaabbanni ittisa walitti bu'insaarratti xiyyeeffachuun hojjetu Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruup (ICG) buufatni waraanaa Izii kaabaa sadarkaa naannootti buufata ajaja waraanaa isa guddaadha jedha. Haleellaa tasa buufata ajaja waraanaa kanarratti loltootni TPLF raawwataniin, meeshaaleen gurguddoo hedduun rookkeettiifi miisaayela dabalatee harka isaanii galuu kan danda'e ta'uus, raayyaan ittisa biyyaa xiyyaarota waraanaafi helikooptarootaan irree jabaa qaba. Lolli naannoo Tigraay kun dhalachuu isaaf wantoota gumaachan keessaa tokko, Qaammee darbe mootummaan naannichaa ajaja mootummaa federaalaa diduun filannoo gaggeessuu hordofee MM Abiy bajata naannoo Tigraayiif ramadamuu qabu dhowwachuu isaaniiti. Aanga'oonni TPLF buufata ajaja waraanaa Kaaba biyyattii kan waraananiif motummaan federaalaa humnaan isaanitti dhufuun isaa hin oolu jedhanii waan amananiif akka ta'e ibsaniiru. MM Abiy Ahimad ammoo TPLF ''sarara diimaa isa dhumaa dabarte'' jechuun haleellaan qilleensaafi lola lafoo akka eegalu ajajan. Lolli kun eegalee guyyaa 22 booda Abiy ''boqonnaan inni dhumaa'' lola Tigraay kan magaala Maqalee to'achuuf godhamu eegaluu ibsan. Gaarreen Tigraay lole riphee lolaaf mijataadha Abiy si'a lammataf aanga'ootniifi waraanni TPLF harka akka kennatan gaafatanii ture. Haata'u malee, pirezidantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el AFP waliin haasaa godhaniin ''nuti namoota qajeelfamaan bulu, naannoo keenya bulchuuf mirga qabnu kabachiisuuf du'uuf qophiidha'' jedhan. Loltuu hedduu kan qabu eenyu? Qorataa Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruup (ICG) kan ta'e Wiiliyaam Deevison TPLF milishoota ganda keessa jiran irraa qabee hanga humna addaa sadarkaa naannootti jiran walitti yoo waamee waraana hanga 200,000 gahuu qabaa jedha. ''Waggoota lamaan darban haalli siyaasaa jijjiiramuu isaatiin naannoo Tigraay keessatti hedduminaan leenjiin waraanaa kennamaa ture '' jechuuniis BBC himeera. ICG'n lakkoofsa loltoota Itoophiyaa ilaalchisee wanti tilmaamaan hime hin jiru. Haata'uutii Rooyitars dhaabbata Janes security jedhamurraa ragaa argateen loltootni waraana biyyattii keessa hiriiranii jiran 140,000 akka ta'an ibseera. Tilmaamni kun dhugaa ta'ee yoo argame, loltootni mootummaa Itoophiyaa lakkoofsaan kan TPLF'n gadi ta'u. Haata'u malee, mootummaan federaalaa naannolee biroo keessa loltoota humna addaa argaman sassaabuun humna jabeeffachuu danda'a. Seerri Itoophiyaa naannoleen nageenya daangaa naannoo isaanii keessa jiru tiksuuf humna addaa akka ijaarrattan hayyama. Lolli Tigraay yeroo eegaletti humni addaa naannoo Amaaraa kan Tigraay waliin daangaarratti dhibdee qabu loltoota mootummaa Itoophiyaa gargaaruun Lixa Tigraayitti humna TPLF waraanaa turan. ''Lixa Tigraayitti humni waloon kan federaalaafi Amaaraa lakkoofsaanis humnaanis kan naanno Tigraayirra jabaadha'' jedha Wiiliyaam. ''Gara Lixaa lafi diriiraan jiru loltoota fuulleetti godhamuuf mijataadha'' jedha Wiiliyaam, itti dabaluuniis teessumni lafaa ''handhuura'' Tigraay naannawaa magaalota gara Bahaa akka Maqalee jiru caccabaafi gaarreeniin kan guutame waan ta'eef lola riphee loltummaaf mijata jedha. Tigraay ''marfamteetti'' Lola sirna Dargii waliin godhamaa ture keessatti riphee lolaa kan turaniifi amma miseensa paarlaamaa Siwiidiin kan ta'an Arihee Hameednaakaa Lolli Lixa Tigraayitti godhamu daangaa Sudaan waliin biyyattiin qabdu dhuunfachuurrattis kan xiyyeefateedha jedhu. Waggaa 29 dura lola Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaam waliin godhan irratti naannoo sana qabachuun seenaa darbe akka hin daballee san kutuun barbaachisaa ta'a jedhu. Milishoonni Amaaraa raayyaa Itoophiyaa bira goruun TPLF lolaa jiru ''Daandii takkittiin TPLF ittiin bahuu danda'uufi meeshaa galfachuu danda'u karaa Sudaani'' jedhan. Gama kaaniin karaa Galaana diimaa akka bara 1980'ootaa humnoonni Eertiraa, TPLF waliin ta'uun Mangistuu lolan amma ulaa sochii argachuu hin danda'amu. Sababni isaa ammoo bara TPLF Itoophiyaa olaantummaan bulchaa turetti Eertiraafi Itoophiyaan waraana hamaa erga gaggeessan waggaa 20 ol booda, MM Abiy michuu pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqii jabaa ta'uu isaaniiti. ''Yeroon jijjiirameera. Daandiin TPLF ittiin waa galfatu hin jiru, Kaabaan diina isaanii ejjennoo qabu pireezidant Isaayyaas Afawarqiitu jiraa'' jedha gulaalaan BBC Tigiriffaa Saamu'eel Gabrahiwoot. Maddeen BBC Eertiraa keessa jiran loltootni mootummaa Itoophiyaa daangaa ce'uun Eertiraa keessatti of jabeessaafi hospitaalota Eertiraa keessatti madoo isaanii waldhaanaa jiruu jedhu. Mootummaan Itoophiyaas ta'e kan Eertiraa garuu irra deddeebiin hirmaannaa Eertiraan lola kana keessatti qabdu haalaa jiru. ''Tigraay marfamteetti. Lola fuulleetti walitti bahanii lolan kana TPLF hin danda'u'' jedha Wiiliyaam Deevison. Kana jechuun garuu humnooniii federaalaa injifannoo saffisaan argachuu fedhan ni goonfatu jechuu miti. Akka Ariheen jedhanitti riphee loltootni falmmattoota waraanaa jabaa ta'uuf fakkeenyonni hedduun jiru. ''Ameerikaanonni xiyyaara waraanaa fi diroonii mara Afgaanistaanii qabu, garuu Taalibaan dandamachaa jira'' jedhu. ''Hidhattootni Haawtii Yaman jiran olaantummaa meeshaa waraanaa UAE fi Saawdii dandamataniiru.'' Humnoonni mootummaa federaalaa Maqalee to'achuuf yoo duulan magaalota meeqa akka to'ataniifi meeqa keessa akka darban ifa mitii jedha Wiiliyaam. Booda kana sabboonummaan Tigraay dabaleera Uummatni Tigraay eenyuun deeggara? Akka Wiiliyaam jedhutti mootummaan magaalota Tigraay to'atees to'achuu baatees, loltootni Tigraay gandaa fi gaarrenitti baqachuun deeggarsa uummatarraa argataniin riphee loltummaaf of qopheessuu malu. ''Hoogganoonni mootummaa federaalaa yaada faallaa qabaatanis, ummatni Tigraay federaalli mootummaa filannoo seera qabeessa ta'een filatame kaasuuf gidduu seene jedhanii waan yaadaniif, gidduu seentummaa kana kan morman fakkaata,'' jedha Wiiliyaam. Dabalataaniis, sirni Federaalaa TPLF bara 1991 aangoo erga qabatee booda akka biyyaatti hundeesse; ilaalcha siyaasaa, afaaniifi aadaa isaanii tiksuuf sirna isa sirriidha jedhanii waan amananiif ni deeggarus jedha qorataan ICG kun. TPLF MM Abiy sirna mootummaa gidduugaleessaa jabaa tokko ijaaruu fedhaa jechuun komata. Gulaalaan BBC Tigriffaa Samu'eel gama isaan, sabboonummaan Tigraay lalisaa jiru TPLF gargaaruu akka danda'u ibsuun, garuu carraan namootni hedduun mootummaa federaalaa itti deeggaran hin jiru jechuun hin danda'amu jedha. ''Qabsoo hidhannoo (sirna Dargii) irratti gaggeeffamaa ture keessatti, uummatni Tigraay guutummaan hidhattoota deeggaraa ture. ''Haata'u malee, waggoota soddomatti siiqan TPLF aangoorra ture keessatti, ummatni Tigraay hooggansa kana sababa malaammatummaafi cunqursaan mormaa ture,'' jedha Saamu'eel. Lolli magaala Maqaleetti godhamu TPLF lola riphee loltummaa ni eegala moo hin eegalu kan jedhu ni murteessa kan jedhu Saamu'eel, mootummaan federaalaa lola Maqalee injifatees qaamolee naannicha keessa jiran waliin mariin yoo gaggeeffamuu baate, lolli ni dhaabbata jedhee akka hin amanne ibsa.
GEM-xlsum_oromo-train-86
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47437832
Waggaa 1ffaa Abiy Ahimad ilaalchisee namootni BBC'n dubbise jijjiramootaa fi hanqinoota jiru jedhan ibsaniiru.
MM Abiy Ahimed wal qixxummaa sabaa fi sablammootaa fidaa jiru jedhan namootni BBC'n dubbise.
Dimokiraasiin babal'ataa jiraachuus himanii garuu ammas ol'aantummaan seeraa mirkanaa'uu qaba jedhan. Ammas abdiin jira jennee eegaa jirra jedhan. Namoota bilchaatoo fi uummata jaallattan of cina hiriirsiisuu irratti qaawwi akka jirus kaasu. dabalataan jijjirama siyaasaa malee kan dinagdee hin mul'anne kan jedhanis jiru.
GEM-xlsum_oromo-train-87
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49922821
Israa'el fi Itoophiyaa: Neetaniyaahuun waa'ee baqattoota Ertiraa MM Abiy waliin mari'achuu dubbatan
Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetinyaahuu dhiyeenya kana yeroo gita isaanii MM Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) waliin walargan, lammileen Ertiraa kolu-galtummaa gaafachaa jiran deggersa mootummaa Itoophiyaatiin Israa'el keessaa baasuudhaaf "karoora haarawaaa" akka qaban dubbatan.
Filannoo mana maree Israa'el Fulbaana torba gaggeeffame guyyoota muraasa dursee duula na filadhaatiif jecha fuula Feesbuukii Paaartii Liikiwuud viidiyoo ba'erratti ministira muummee Itoophiyaa waliin walarguun akka dubbatan yaadataniiru. Gaazexaan biyyattii 'Ze Taayims oof Iziraa'el' jedhamutu odu kana gabaase. Haaluma kanaan, ministirri muummee Israa'el Neetinyaahuun MM Abiy waliin Itoophiyaan Ertiraa waliin waliigaltee waggaa tokko dura irra ga'an carraa gaariin akka uumameeru kaasanii waliin dubbataniiru. Gaazexaan kun akka ibsetti, "Pirojektii haarawaa ta'een namoota kana gara Ertiraatti akka deebiyaniif gargaaruudhaaf kan dandeessisu tooftaa gaarii ta'e nan qaba," jechuun akka itti himan Neetinyaahuun dubbataniiru. Neetinyaahuun itti dabaluun akka jedhanitti, "Ministirri muummichaa [Abiy] gargaarsaaf fedhiin isaan qaban carraa kanaan dura argannee hin beekne nuuf bana," jedhaniiru. Viidiyoo gababaa kanaan ministirri muummee Beeniyaamiin Neetinyaahuu miseensa paartii isaanii kan taateefi ejjennoo farra baqattootaa kan qabdu Meey Goolaan waliin osoo dubbataa jiranii argamaniiru. Yeroo kanatti ture ministira muummee Itoophiyaa waliin waa'ee marii taasisanii kan dubbataa osoo jiranii argaman. BBC'n viidiyoo ministirri muummee Neetinyaahuu Afaan Ibirootaan (Hebrew) dubbatan argatee hiiksiseera. Viidiyoo kana irratti, "Oduu gammachiisaa jedhan. Ministirri muummee Itoophiyaa wayita daawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufanii turanitti akka natti himanitti 'Ertiraa waliin nagaa buusuu keenya ni beekta, anis karaa pirojektoota baayyee ammayaa ta'aniin haala gaarii ta'een namoonni kun gara Ertiraatti karaa deebiyuu danda'anirratti si gargaaruu nan danda'a' naan jedhaniiru," jechuun yeroo dubbatan dhaga'amaniiru. Ministirri muummee Beeniyaamiin Neetinyaahuu itti dabaluun, "Dhugumayyuu karaa gaggeessaa dargaggeessa Afirikaa keessatti gurra argataa jiruufi nuunis nu gargaaruuf fedhiin guddaa qabu kun carraa hanga ammaatti nuti hin argatiin nuuf bana," jechuun yeroo dubbatan dhaga'amaniiru. Gaazexaan kun waajirri ministeera muummchaa dhimma kanarratti yaada akka irratti kennu gaafatus fedhii hin qabaanne. Imbaasiin Ertiraa Teel Aviiv keessatti argamu yaada akka irratti kennuuf irra deddeebiin gaafatamus deebii kennuurraa of qusateera. Hojjetaan Imbaasii Itoophiyaa Teel Aviiv keessa jiru tokko karaa toora Feesbuukiitiin gaazexaa sanatti akka himetti, ministirri muummee yeroo Israa'el daawwatanitti waa'een baqattoota Ertiraa kolu-galtummaa gaafataa jiranii akka hin kaane ibsan. "Maree sana irratti dhimma kana ilaalchisee wanti ka'e hin jiru. Waliigalteen sun hariiroo biyyoota lameen kan ilaallatu ture," jechuun hojjetaan Imbaasichaa barreeffamaan deebii kennaniiru. Yeroo ammaa kanatti lammileen Ertiraa kolu-galtummaa Israa'eliin gaafachaa jiran kuma 23 ol yommuu ta'an, kuma 16 kan ta'an ifatti gaaffii kolu-galtummaa dhiyeessaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-88
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56414017
'Miidhaginaaf jecha akka malee qallachuun yaaddoo uumaa jira'
Miidhagina shamarranii weedduu jaalalaan warri ibsan: Kann mudhiin soonsaa, kan konkonni foon muru, kan koomeen lafa uru,' jedhu. Kana jechuun maal akka ta'e isa akkas jechuun weeddisuti beeka, garuu walumaa galatti qallinni miidhagina ta'uusaa waanuma akeekudha.
Shamarran Chaayinaa yeroo T-shartii ijoollee uffachuuf yaalaa jiran miidiyaa hawaasaarratti gadhiifame Dubbiin mudhii ykn qaama biraa qallachuun kun akka safartuu miidhaginaa ta'uun isaa aadaa addunyaa gara garaa keessa jira. Wanti yeroo ammaa Chaayinaa keessatti ta'aa jiru ammoo dorgommii miidhaginaarra darbee yaaddoo waan uume fakkaata. Garuu 'miidhagina yaadanii miidhama hin yaadatan' isa jedhan sana fakkaata. Shamarran hedduun dhiibbaa miidiyaa hawaasaarratti uumamaa jiruun fayyaa isaaniirra miidhagina isaanii durfachaa jiraachuutu mul'ata. Faashiniin akka malee qal'atanii mul'achuu yeroo ammaa miidiyaa hawaasaa Chaayinaa dhuunfatee jira. Shamarranm biyyattii 'eenyutu eenyuun gadi' jechuun qal'achuu waan wal morkataa jiran fakkaata. Qaama qal'ifachuurra darbanii gadi deebiyanii uffata daa'imaa waan uffataa jiraniif gabaafi kuusaan uffata daa'immanii bakki dhaabatan dhibaa jira. Dubartoonni hedduun man-kuusa uffataa Uniqlo jedhamutti yaa'uun kutaa uffata daa'immanii seenuun uffachuun yeroo filatan suura ka'uun maxxansaa jiru. Biyya Chaayinaatti toorawwan miidiyaa hawaasaa bebbeekamoo kan akka Xiaohongshu fi Weibo jedhaman keessatti suuraawwan 'ofee' shamarran yeroo kutaa uufatanii ilaallatan keessatti ka'anii gadhiisaniin dhuunfatameera. Shamarran kunneen t-shartii bibbicuu dukkaana uffataa Jaappaan beekamaakana keessatti yeroo ofitti ilaaluun filatanitti suurri kaasanii miidiyaarratti gadhiisan namoota ajaa'ibsiisaa jira. Miidiyaaleen hawaasaa Chayinaatti Xiaohongshu fi Weibo jedhamuun beekaman gita Instagram fi twitter ta'uusaaniiti. Miidiyaa hawaasaa Weibo jedhamu qofaarratti hashtag "adults trying on Uniqlo children's clothes" jedhu irratti namoonni miliyoona 680 ol daawwataniiru. Ergaan hashtag kanaa "ga'eessonni Uniqlo keessatti uffata daa'imaa ofitti ilaallataa jiru," jedha. Uniqlo'n Chayinaa jiru kun dhimma lammileen biyyatti torbanoota dhiyoo keessa interneetii fudhachiisan kanarratti gaaffii BBCn dhiyeesseef hanga ammaatti hin deebisiin jira. Dhimmi kun toora interneetaarratti falmii bal'aa kaaseera. Falmiin kun ammoo T-shartii daa'immanii gabaarraa dhabamsiisuu qofaaf miti, dhimmoota walitti fufinsaan miidiyaa hawaasaa Chaayinaa dhuunfatan keessaa isa guddaa ta'uu isaatiifidha. Akka taajjabdoonni jedhanitti, kun jaalala akka malee qal'atanii argamuuf machaa'uu dubartoonni Chaayinaa agarsiisanidha. Kun ammoo nagaaf miti jedhu warri taajjabaa jiran kun. Fedhii qal'achuu ilaalchisee wantonni nama 'raajan' miidiyaa hawaasaa dhuunfachuun kun kan jalqabaa miti. Kanaan durallee morkiin "belly button challenge" jedhamu akkasuma ho'aa ture. "Belly button challenge" jechuun dubartiin tokko akka hanga barbaadde qal'atte mirkaneeffachuuf harka ishee dugda-duubaan naannessitee handhuurashee qabachuu danda'uu jechuudha. Morkiin kan biraan tureefi, ammas itti jiramu ammoo "collarbone challenge" jedhama. Kun ammoo qal'achuu mirkaneeffachuuf lafeen lapheefi morma gidduu jiru bahee mullachuurra darbee dhooqa baasuun hanga saantiima callaa itti naqachuu danda'uurra gahuu jechuudha. Bal'ina muddhii hanga fuula waraqaa abbaa A4 tti ykn saantiimeetira 21tti hir'ifachuunis kan biraadha. Shamarran mudhii isaanii waraqaa fuula tokkootti safarachuunis shaakala baratamaadha. 'BM Style' 'MB Style' kun biraandii uffataa Xaaliyaan Brandy Melville jedhamurraa dhufe. 'MB Style' kun uffata shamarran faashinni isaanii ijoollee durabaaf qomee bibbichuu mudhii olittitti qofa maxxantee uffatamtuufi jiinsiiwwan maxxannee, akkasumas shartiiwwan gaggabaaboo qopheessa. Uffanni biraandii 'MB Style'n qopheessu kun hanga (saayizii) guddaafi xiqqaa ykn giddu-galeessa jedhaman hin qabu. Hundaaf tokkichumati jira, innis kan akka malee xiqqaa ta'edha. Taateen Uniqlo'ttimul'ataa jiru kunis MB Style kana waliin walfakkaatu yoo ta'u bara darberraa eegalee beekamaa dhufe. Kunis erga ijoolleen shamarran CHaayinaa qomee bibbicuu uffatanii suura of kaasuun tamsaasuu jalqabaniiti. Biraandiin isaan uffataan kunis duula hashtag "test if you can wear the BM style" jechuun gadhiifame. Hiikaan duula beeksisichaas 'Yoo akka BM style kanatti ufachuu dandeessa ta'e yaali' akka jechuuti. OShamarreen umuriin ishee ganna 22 taate miidiyaa hawaasaa Weibo jedhamu fayyadamtuufi yeroo baayyee suuraawwan akkasii maxxansitu tokko BBC Chinese'tti faashina kana akka jaal'attu himte. "Hedduu miidhagaafi kan namatti toludha... waan ta'eef miilla namaallee dheeraa namaaf fakkeessa," jette. Haata'u malee, wanti kun akkas beekamaafi jaallatamaa dhufuun isaa yaaddoo uumaa jira. Morkiin kun dubartoonni karaa kennaa uumaman hin taaneen garmalee akka of qallisan gochuun dhiibbaa fayyaa qaqqabsiisa jedhameera. Chaartiin hanga dubartoonni "BM girl" jedhaman kunneen ulfaachuu qaban ilaalchisee bahe garuu hin mirkanaa'iin tokko ulfaatinsi shamarranii akka dheerina hojjaa isaaniitiin ta'uu qaba jedha. Kanaaf ammoo fakkeenya kenne keessaa tokko dubartiin dheerinni hojjaashee santiimeetira 160 taate tokko kiiloogiraama 43 qofa ulfaachuu qabdi jedha. Safartuun hojjaafi ulfaatinsa waliin ilaaluun shallaguun fayyummaa namaa agarsiisu (body mass index (BMI)) garuu kun ulfaatinsa barbaachisuun gadi waan ta'eef gorsa hakimaa argachuu barbaachisa jedheera. "Amma waa'ee 'BM style' kana irratti wanti nama sodaachisu namni kamiyyu akka nagaaf hin taaneefi fayyaalessa hin taane ni beeka garuu dhiibaa miidhagina barbaachaan mo'amu. Namoonni gariin fayyaa isaaniirra miidhagina isaanii caalsifatu," jette shamarreen tokko. Yunvarsiitii Hong Kong warra Chaayinaatti qorataa fayyaa sammuufi dhaabbii qaamaa kan ta'e Hii Jinboo, ijoolleen ol-adeemoo hanguma yeroo isaanii miidiyaa hawaasaarratti dabarsan caalaa qaama isaanii ilaalchisee of jibbaa deemu jechuun qorannoo gaggeesseen hubachuu dubbata. Rakkoon kun kan biyya kamuu keessa jiru ta'ullee, dhimmi kun Chaayinaa biyya ammallee qaama qabanitti gammaduun hidda gadi hin fageeffatiin keessatti daran hamaadha. Qorannoon sadrkaa miidhagina 2019 Ipos biyyoota 27 keessatti gaggeesse akka hubatetti, Chaayinaan ulfaatinsiifi dhaabbiin qaamaa akka safartuu miidhagina dubartootaaf murteessaa ta'utti fudhachuun tokkoffaadha. Chaayinaatti qal'achuun safartuu miidhaginaa ijoodha. 'Dubartiin gaariin tokko 50kg ol ulfaatuu hin qabdu' Ogeessi Xiinsamuu lammii Chaayinaa Yunivarsiitii Tekinooloojii Nanyang Singaappoor akka jedhutti miidiyaaleen Chaayinaa "shamarreen baayyee qalloo" taate akki itti dhiyeessan akka ummanni shamarran qaqqalloo akka addaatti jaallachuutti jira. "Chaayinaa keessatti jechi baramaan tokko jira; innis 'dubartiin gaariin tokko 50kg ol ulfaachuu hin qabdu kan jedhudha," jedhu Dr.Kee. "Dubartiin sanaa ol ulfaatan akka dhibaa'oo, kan naamusaa hin qabneefi sirriitti of hin qabanneetti waan ilaalamu. Kun ammoo dubartoonni baayyeen waan jedaman kana waan amananiif carraa jireenya gaa'elaa isaanii akka miidhutti yfudhatu." Namoonni baayyeen ammallee ol-aantumma dhiiraatti waan amananiif dubartii meesha godhanii ilaalu jetti. "Qalloofi miidhagduu ta'uun akka meeshaa 'gatii qabuutti' ilaalama." Jalqaba ji'a kanaa taatoon fiilmii beekamtuu lammii Chaayinaa Zhang Meng miidiyaa hawaasaa Weiboirratti mullattee toora interneetaa irratti mariifi falmii ho'aa kaastee turte. Taatoon kun sirna badhaasawwaniirratti erga argamteen booda dhibamtee wallaansaaf mana yaalaa deemuun dirqama itti ta'e. [Qamisii] baayyee midhiisheetti akka malee maxxanu uffachuun mudhiifi lafee cinaachaashee hedduu dhukkubsuu dubbatti. Taatoon fiilmii beekamtuu lammii Chaayinaa Zhang Meng Waan ishee mudate sun akka rakkoo hamaa kana irratti dammaqxuuf ishee gargaaruu dubbatti. "Wanti fakkaannu [miidhaginni keenya] Waan keenya keessaa tokkodha. Baayyee qallachuu dadhabne jechuun guyyaa guyyaan gungumuurra, yeroo sana wantota haaraa barachuurratti, of ga'oomsuurratti,akkasumas caalaa akka ofitti amannu gochuurratti osoo dabarsinee gaariidha!" jetti. Yaada ishee kanarratti fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa ergaa gaariin deebii kennaniif. Namoota yaada kennan keessaa tokko akkas jedhe/jette: "Kun dhugumatti waan ta'uu qabudha. Dubartoonni hedduun yaaddoo dhimmoota qaama isaanii qabu, garuu fayyaan ammoo caalaa barbaachisaadha. Waan fedhe fakkaannullee, nuti hundi keenya hunda caalaa miidhagoodha!"
GEM-xlsum_oromo-train-89
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56187686
'Ajajni manneen murtii kabajamuu dhabuun gufuu ol-aantummaa seeraa mirkaneessuu ta'aa jira'-Abukaatota
Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee Oromiyaa keessaa namoonni hedduun yakkoota garagaraan shakkamuun hidhamaniiru.
Namoonni dhimmi isaanii qulqullaa'ee murtii argatanii gadhiifaman jiraatanis, ergasii hanga ammaatti kanneen dhimmi isaanii murtii hin argannes jiru. Erga Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamee namoonni to'ataman keessumaa kanneen siyaasa keessatti hirmaannaa qaban bu'aa bahii akkamii keessa akka darban Abukaatoon seeraa Obbo Tuulii Baay'isaa waliin turtii taasifneerra. Akka Obbo Tuuliin jedhanitti ji'ootni torban darban namoota sababoota adda addaatiin hidhamanii fi adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuu akkasumas raawwii ajajoota manneen murtii irratti rakkoolee hedduun kan itti mul'atedha jedhan. Dhimma kanarratti gama mootummaatin deebiin argachuuf yaalle ammatti nu milkaa'uu dhabus, amma dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) qaamoleen raawwachiiftuu murteewwan manneen murtiitiin darban kamiyyuu kabajuu akka qaban akeekkachiisan. MM kana kan jedhan Onkololeessa bara dabre keessa walga'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti ture. Gaafas akkas jedhan: "Manni murtii nuti hin kabjneefi hin ajajamneef bilisaafi walaba ta'eera jechuun akkasumaan.'' Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas gama isaatiin Fulbaana bara dabre keessa dhimma kanarratti ibsa baaseen ''Ajajni manneen murtii kabajamuu dhabuun kabaja mirga namoomaaf balaadha,'' jedhee ture. ''Hidhaa hin barbaachifne hambisuun, mirga wabii kabajuun barbaachisaadha,'' jedhe komishinichi. Akka Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa jedhutti, Oromiyaatti keessumaa ajajni mana murtii kabajamuu dhabuun yeroo gara garaa mullatu yaaddessaadha. Rakkoon jiru maali? Manneen murtii Federaalaa fi naannootti kanneen himataman, keessumaa kanneen siyaasa keessatti hirmaannaa qaban mirgi wabiis ta'ee dhimmi isaanii kan hin himachiifne ta'ee; yeroo manni murtii bilisaan akka gadhiifaman ajajutti poolisiin raawwachuu dhiisuun baay'inaan mul'ateera jedhu Obbo Tuulii Baay'isaa. "Namni tokko shakkamee erga qabamee manni murtii mirga wabiidhaan akka gadhiifamu yeroo murteessu waajjirri poolisii ajaja sana fudhatee gadi lakkisuu qaba. Garuu wanti nu muudate abbaan alangaa fi poolisiin waliigalanii namoota kana qabatanii ol iyyannoo itti gaafatu," jedhan. Namni manni murtii mirga wabii eegeef erga dirqama wabii manni murtii ajaje sana guuteen booda gadhiifamee yoo abbaan alangaa ol iyyannoo itti gaafates namni suni erga gadhiifameen booda ta'uu malas jedhu obbo Tuuliin. "Poolisii fi abbaan alangaa nama wabiin eegameef sana qabatanii fakkeenyaa murtiin suni mana murtii sadarkaa jalqabaatti yoo ta'e gara mana murtii olaanaatti iyyatu. Manni murtii olaanaas yoo irratti cimse namicha sana qabataniituma mana murtii waliigalaa Federaalaa deemu, hamma kana hunda namni suni manuma hidhaa taa'a," jedhan. Ol iyyannoon kuni hanga dhumaatti yoo cimee argame ammoo nama hidhame sana gadhiisuurra qabanii koomishinii poolisii Oromiyaatiif dabarsuun akka mul'atus himan. "Namni suni erga komishinii Poolisii Oromiyaatti darbeemmoo poolisiin Oromiyaas akka haaraatti nan qoradha, yeroo qorannoo naaf haa kennamu jedhee gaafata. Yeroo sana nuti deemnee nama kanaaf manni murtii federaalaa wabii eegeraaf gadhiisaa jennee iyyanna. Yeroo tokko tokko nigadhiisu yeroo kaanis hin gadhiisan" jedhan. Obbo Tuuliin himatamtoota adeemsa kana keessatti rakkoo walfakkaataa keessa darban muraasa kaasuunis ibsu. Caaltuu Taakkalaa Caaltuu Taakkalaa manni murtii federaalaa dhaddachi Araadaa mirga wabii eegeefii ture. Ol iyyannoo irratti deemnaanis murtiin suni ni cime. Yeroo kana gara komishinii Poolisii Oromiyaatti dabarsani jedhan. Komishiniin poolisii Oromiyaa erga hidhaa tursiiseen booda Sulultaatti akka haaraatti yeroo beellamaa itti gaafatee jennaan murtii duraa qabannee iyyanneeti booda kan gadhiisan jedhan obbo Tuuliin. Mishaa Cirrii Mishaa Cirrii namoota ajjeechaa weellisaa Haacaaluu Hundeessaatiin booda Obbo Jawaar Mohaammad fa'a waliin too'ataman keessaayi. "Mishaa Cirrii manni murtii sadarkaa jalqabaa mirga wabii eegeefii jennaan osoo isa hin gadhiisiin mana murtii olaanaa irratti himata itti banan akka qodaatti kaa'atanii jechuudha. Manni murtii olaanaanis mirga wabii eegeefi. Mana murtii federaalaas mirga wabii sana cimseefi. Sana booda akkuma baratame komishinii poolisii Oromiyaatiif kennan,'' jedhan Obbo Tuuliin. Komishinichi mana hidhaa magaalaa Buraayyuutti nama mirgi wabii eegameef kana seeran ala hidhee akka tursiiseen booda dhumarratti akka gadhiises himan. Lidatuu Ayyaalew Obbo Lidatuun ALI Adoolessa bara 2012 ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora uumameen wal qabatee rakkoo magaalaa Bishooftuu keessatti uumameen shakkamuun ture to'annoo jala kan oolan. Jalqaba hokkora magaalaa Bishooftuu keessa ture qindeessuu fi maallaqaan deeggaruun shakkamanii kan to'ataman yoo ta'u, booda himati meeshaa seeraan alaa qabachuu jedhu irratti dhiyaatee ture. Boodarras manneen murtii sadarkaa garagaraarra jiran wabii maallaqaan akka gadhiifaman ajaja dabarsanii turan. Isaan keessaa tokkos Obbo Lidatuun dhimma isaanii ala tahanii akka falman manni murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaa murtee dabarsullee, Poolisiin Bishooftuu garuu Obbo Lidatuun ''adaraan nu bira jiru'' jechuun gadhiisuu dideera. Turtii ji'ootaan boodas Obbo Lidatuun Mudde keessa, wabii qarshii 30,000n mana hidhaatii gadhiifamaniiru. Dr. Huseen Kadir Dr. Huseen Kadiris ajjeechaa Haacaaluutiin booda magaalaa Finfinnee irraa qabamuun Agaarfaa geeffamuun achitti hidhaa turan. Jeequmsa Agaarfaatti mudate keessaa harka qabuudhaan shakkamanii akka himatamanii fi dhumarrattis manni murtii mirga wabii erga eegeefiin booda poolisiin osoo hin gadhiisiin hafuus himan. "Poolisiin Agaarfaa nama mirgi wabii eegameef kana lakkisuu didee fidee komishinii poolisii Oromiyaatiif kenne. Isaanimmoo Laga Xaafootti geessanii akka haaraatti himatan. Manni murtii Lagaxaafoos dhimmicha ilaalee mirga wabii eegee lakkisaa jedhee murteesse." jedhan. Komishiniin poolisii Oromiyaa achii baasuudhaan nama mirgi wabii eegameef kana 'adaraadhaan' Galaanitti hidhee tursiisuus himan Obbo Tuuliin. "Galaan deemnee nama kana gadhiisaa gaafa jennuun nama kana komishinii poolisii Oromiyaatu adaraa nutti kenne, nuti adaraa eegna waan beeknu hin qabnu nuun jedhan." jedhan. Ol iyyannoo abukaatonni mana murtiitti godhaniin komishiniin poolisii Oromiyaa nama kana maaliif akka hin gadhiisne irra deddeebiin akka dhihaatee ibsu gaafatus kunis hin ta'in erga hafeen booda ofumaan akka gadhiisanis himan. Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa Qondaalonni ABO kunneen ammoo namoota manni murtii erga wabiidhan akka bahan murteessee booda hanga ammaattiis mana hidhaa jiranidha. Abukaatoon isaanii Obbo Addisuu Baay'isaa akka jedhanitti manni murtii gaafa guyyaa 16/4/2013 ooleen namoonni kunneen yakka ittiin himataman ragaan waan irratti hin dhihaanneef bilisaan akka gadi lakkifaman murteessee turuu eeran. "Manni murtii akkaataa murtee kanaatiin koomishiniin poolisii Oromiyaa namoota lamaan kana to'annaa jalaa akka gadhiisu ajajus ajajni mana murtii kuni garuu poolisiidhaan osoo hin raawwatamin waan hafeef hanga ammaa mana hidhaa jiru," jedhan. Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa bilisaan akka gadhiifaman erga murtaa'ee amma ji'a lama guuteera. Manni murtii waliigala Oromiyaas komishiniin poolisii Oromiyaa namoota kana maaliif akka gadhiisuu dide dhihaatee akka ibsuuf si'a sadii ol ajajus kunis hin raawwatamne jedhan. 'Yoo seerri hin jiraanne namni bineensa hamaa ta'a' Manneen murtii Federaalaas ta'ee naannootti namoota manni murtii wabiidhaan yookan bilisaan akka bahan ajaje poolisiin raawwachuu diduun kuni hedduu babal'achaa waan jiruuf abukaatonni qaama dhimmi ilaaluuf iyyachuus himan. "Dhimma kana dhaddacha irratti duwwaa dubbannee hin dhiisnu. Pirezidaantii mana murtii Waliigala Oromiyaa wajjin dubbannee jirra. Pirezidaantii mana murtii Waliigalaa Federaalaattis iyyannee jirra," jedhan. Ajajoonni mana murtii kabajamuu dhabuun kuni amantaa namoonni mana murtiirraa qaban akka hir'atu gochuun hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuutti gufuu ta'a jechuun yaaddoo qabanis ibsaniiru Obbo Tuuliin. "Gochoonni akkanaa yoo ittifufan namni mootummaan seera naaf kabachiisa, seerri naaf jira jechuu dhiisee gara humnatu nabaasa jechuutti deema. Kuni seera uumamaati. Yoo seerri hin jiraanne namni bineensa hamaa ta'a," jedhan. Ajajni manneen murtii poolisiidhaan kabajamuu dhabuun namoonni mirgi wabii eegameefi kanneen bilisaan akka bahan murtaa'eef hidhaa tursiifamuu, dhimma namoota 'adaraadhaan' hidhamanii fi kanneen biroo irratti gama mootummaatin - Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaafi mana hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin goone nuuf hin milkoofne.
GEM-xlsum_oromo-train-90
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47067621
Buna: Balaa badiinsa bunaafi yaaddoo qonnaan bultootaa Itoophiyaa
Goosoota bunaa addunyaarra jiru jedhaman 124 keessaa 75 baalaan baduu isaan mudateera, kanneen 35 ta'an yaaddoo kan hin qabne yommuu ta'u, haala goosota bunaa 14 hafanii adda baasuun rakkisaa ta'eera jedha qorannoon idil-addunyaa tokko.
Itoophiyaan bakka aragama bunaa gosa buna Arabikaa jedhamuufi Afrikaa keessaas biyya baay'inaan buna alatti ergaa jirtudha. Balaan baduu bunaa kun qonnaan bultoota Itoophiyaa buna omishanittis yaaddoo uumuu hin oolle. Kutaalee Oromiyaa oomisha bunaan beekaman keessaa Godina Qellem Wollaggaatti kan argamtu Aanaan Anfilloo ishee tokkodha. Qonnaan bulaan aanaa kanaa jiruu fi jireenyi isaanii bunarratti hundaa'e Obbo Boloo Qajeelaa ''Buna jechuun nuyiif jireenya jechuudha" jedhu. "Jireenyi qonnaan bulaa bu'uurri isaa buna. Diinagdeen biyyaallee bunaan utubamee jira. Bunaa ala jiraachuu hin dandeenyu. Qabeenya keenya isa olaanaadha bunni" jedhu. ''Namni tokko buna dhaabee kunuunsee irraa ciratee gabaatti gurguree maatii isaa ittiin jiraachisa. Kan ittiin gabaa bahan, nyaata ittiin bitan, ijoollee ittiin barsiisan bunadha." "Kana qofa miti, namni keenya hedduun ganama hirribaa ka'ee buna malee manaa hin ba'u. Akka cireetti kan fayyadamnu buna. Yoo buna hin dhugne hojiin hin jiru.'' jedhu Obbo Boloon. Dur dur abbootiin keenya buna bosonaa fayyadamaa turan kan jedhan Obbo Boloon sun dadhabbii waan qabuuf amma hafaa dhufuu dubbatu. ''Kunuunsi bunaa sanyii filachuurraa eegala. Oomisha erga sassaabdeellee seeraan qoorsuutu sirra jiraata, bunni jiidhaatti waan ta'eef kan funaanamu. Qoorsuu qofa osoo hin taane seeraan kuusuunis barbaachisaadha" jedhu. Dhamdhamni bunaa jijjiirameeraa? Bunni amala dafee samuu waan qabuuf wayita kuusan of eeggannoodhaan qulqullinaan akka kuusan dubbatu. "Amala foolii hin taane fiduu waan qabuuf idoo qooraa fi qulqullina qabu kaa'uu qabna. Meeshaa qilleensa galchuu danda'utti kuusuu qabna. Kana yoo ta'uu baate gabaa gaariittis hin gurgurattu, dhandhamni bunaallee badaa deema'' jedhu. Dhandhama bunaarratti qabatamaan jijjiiramni jira kan jedhan qonnaan bulaan buna oomishan kan biraan, kunis rakkoo lamarraa ka'a jedhu. Tokko rakkoo harka namaatiin uumamuu wayita ta'u lammaffaan ammoo uumamaan jijjiirama qilleensaan kan dhufudha jedhu. Wantoota dhandhama bunaa balleessaa jiran keessa kan biraan itti fayyadama xaa'ooti jedhu qonnaan bulaan kun. ''Keemikaala garaagaraa darbee naannoo bunaatti fayyadamuunis ni mul'ata. Kunis dhiibbaa mataasaa qaba." Dhandhamni bunaa haala kanaan yoo badaa deeme ammoo oomishni bunaa yaaddoo keessa galaa deema jedhu. "Bunni keenya dhandhama isaa gadi dhiise jechuun jiruun keenyas dhandhama dhabeera jechudha, jiruun nutti bushaayuu isaati.'' jedhan. Akka yaada qonnaan bultoota kanneeniitti xiyyeeffannaan mootummaan bunaaf kenne gadi aanaadha. Gatiin bunaa lafa waggaa digdama har'aa jira jedhu. ''Addunyaan akka keenya buna oomishu tarkaanfii fagoo deemeera. Addunyaa kanaa wajjiin dorgomuu hin dandeenye nuti. Gabaan bunaa hamilee qonnaan bulaa buusaa jira." "Buna utubaa diinagdee jechuurraa kan hafe xiyyeeffannaa kennee hin beeku mootummaan'' jedhanii komatu. ''Gabaabaadhumatti bunni yaaddoo keessa jira jechuun ni danda'ama. Sadarkaa baduutti deemaa jira. Sababni isaa qonnaan bulaan buna bakkumanni jirutti waggaa eegee deemee firiisaa irraa funaannata malee kunuunsaa hin jiru" jedhu. Bosona kunuunsuun babal'isanii, ooyiruu bunaa misoomsaa, babal'isaa deemuun hafeera. Kunimmoo diinagde biyyattiis kufaatiif saaxiluu mala.'' jedhu qonnaan bultoonni kunneen. Inumaa iddoo tokko tokkotti buna ciranii midhaan biraa qotuun eegalamuus ni dubbatu. Kana jechuun ummanni bosona ciree faayidaa adda addaaf oolchaa jiraachuu waliinis wal qabata. Gatiin bunaa bara baraan gadi ta'uunsaa qonnaan bulaan bunarraa akka abdii kutatu taasisaa jira jedhu. ''An yeroo hunda guyyaa guyyaatti buna nan dhuga. Waan na si'eessuuf hedduu natti tola. Shiinii tokko fudhee gaafan manaa ba'u hojiillee si'oominaanin hojjedha. Yoo buna hin dhugne guyyaanillee naaf hin sifaawu'' jedhu qonnaan bulaan kun. Namni biraan buna fayyadamu kan nuti dubbisne "dhandahama bunaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti oomishamanii nan beeka. Kan buna bosonaa fi buna namaan kunuunfamuullee sirriittan beeka" jedha. "Yeroo ammaa dhandhamni bunaa badaa jira. Warri buna danfisanis waldorgomuuf jedhanii bunatti mi'eessituuwwan waan dabalaniif dhandhama bunaa balleessaa jiru'' jedha. Qorannoon waa'ee bunaa maal agarsiisa? Waggoota hedduuf misoomaa fi oomisha bunaa Itoophiyaa keessatti qorannoo qorachaa kan turan Obbo Haayilee Fufaa bunni kutaalee Oromiyaa Kibbaa fi Lixaa akkasumas uummattoota kibbaa keessatti baay'inaan kan oomishamuudha jedhan. Bunni kunis haala afuriin oomishama jedhan. ''Tokko buna bosonaati. Bakka namuu hin geenyetti bosona keessatti ofiisaa biqila. Qorattoonni of eeggannoodhaan gara buna kanaa deemanii sanyiidhaaf itti fayyadamu" jedhu. "Inni lammaffaan ammoo buna bosona keessatti namni kunuunsudha. Namni kunuunsee kan faayidaa irraa argatuudha." "Kaanimmoo buna boroo kan jedhamuudha. Oomisha bunaa biyyattii dhibbeentaa 51 caalaa kan qabate buna isa kanadha" jedhu. Inni kaanimmo buna haala ammayyaatiin mootummaadhaan deggeramee omishamu ta'uu dubbatu. "As keessatti investeroota adda addaatu buna misoomsuu keessatti hirmaatu'' jedhan. Dhandhamni buna Arabikaa badaa jiraa? Dubartii buna qoorsaa jirtu Itoophiyaa keessatti bunni oomishamu baay'een 'organic' warra ta'aniidha kan jedhan Obbo Haayileen naannoo Oromiyaa keessa qofa buna hektaara kuma 380 oltu jira jedhu. "Bunni 'organic' ta'e kun amma dhandhamasaa duraa sana qabatee hin jiru. Bunni gara gabaa giddu galeessaatti dhiyaachuuf daldaltoota baayyee bira darbaa, lammaffaammoo akkaataadhumti oomishtoonni bunaa buna itti kunuunsanillee rakkoo guddoo qaba" jedhu. "Bunnimmoo dafee baduuf saaxilamaa waan ta'eef qulqullina yoo dhabe dhandhamni isaa ni bada.'' Misoomni biyyoo kan haphatu yookiin biyyoon gabbataan kan dhiqamu yoo ta'e akkasumallee yoo qotee bulaan sirriitti hin eegu ta'e xaa'oo uumamaa yoo hin fayyadaman ta'e bunni badiif saaxilamuu danda'a jedhu. "Keemikaalli adda addaa kan itti gadi dhiifamu yoo ta'e akkasumallee eegumsi biyyoo fi bishaanii naannoo oomisha bunaatti hin geggeeffamu yoo ta'e bunni yaaddoo keessa gala." Bunni nyaata gahaa ta'e hin argatu taanaan dhandhama gaarii hin qabaatu. Sababni isaas ija guutuu waan hin godhanneef coolligee bada'' jedhu. ''Bunni midhaan kunuunsuu sirrii barbaaduudha'' ''Bunni uumamaan midhaan kunuunsa guddaa barbaaduudha, kunuunsi bunaammoo hubannoo qotee bulaa buna oomishuutiin walqabata" jehdu. "Hubannoon qotee bulaa hin cimu yoo ta'e, waan saayinsiidhaan wal qabatu barnoota qonnaan bulaa buna oomishu yoo hin arganne ta'e egereen bunaa yaaddoo keessa jira" jedhu. Akka addunyaatti qonni keessattuu oomishni bunaa tarkaanfii fooyya'aatti ce'eera. Keenya garuu achuma jira. Kanaafuu dorgomaa miti jedhu. Iddoon addunyaan geesse har'aa yoo ilaalle oomishii fi oomishtummaan bunaa dabaleera jechuun hin danda'amu jedhan Obbo Haayileen. ''Har'a biyya Biraaziil, Veetnaam, Kolombiyaa yoo fudhanne hektaara tokkorraa kuntaala 24 ol argataa jiru, keenya garuu hektaararraa kuntaala 5 caalaa hin argamu, sanuu kan kunuunfamerraa jedhu. Oromiyaa keessatti godinaaleen sagal buna bal'inaan oomishan, Wallaggaa Lixaa, Qellem Wallaggaa, Jimmaa, Iluu Abbaa Boor, Gujiifi Guji Lixaa, Hararghee Bahaa fi Lixaa, Arsii maddi mallaqaa isaanii bunadha. Maattiiwwan godinaalee kanneen keessatti argaman hundinuu buna oomishuudhaan maallaqa argatu. Ta'us garuu akka baayyinasaa qulqullina waan hin qabneef bu'aan argamu abdachiisaa miti. Bunni baay'inaan biyyattii keessatti oomishamullee, gabaa addunyaarratti ga'een Itoophiyaan dhiyeessii bunaatiin qabdu dhibbeentaa sadi hin caalu. Kun hundumtuu xiyyeeffannaa dhabuu damee kanaarraa dhufa jedhu Obbo Hayileen. Kan biraan ammoo yeroo baay'ee adunyaarratti gatiin bunaa takka ol ka'aa takkammoo gadi bu'aa waan deemuuf kun deemee qonnaan bulaa hamilee buuseera. Kanneen buna ciranii waan biraa oomishaa jiranillee jiru jedhan. Kanaafuu qabeenyi uumaa hin egamu taanaan, biyyeen hin kunuunfamu taanaan, bunaaf misoomni ga'aan hin taasifamu taanaan bunni Itoophiyaan ittiin boontu kun baduuf jedha jedhu. Bunni inni daka bosona keessa jiru bosonumasaa walin kunuunfamuu qaba. Asiidii fi keemikaalonni bunarraa fagaachuu qabu jechuunis gorsu. Bosonni naannoo bunaa yoo hin eegamu ta'e bunni waggoota dhibba tokko itti aanan keessatti bunni arabikaa lafa kanarraa baduu danda'a jedhu. Uummannis kana beekee bunasaa kunuunsuu qaba, bosona kunuunsuu fi dhaabuu qaba jedhu.
GEM-xlsum_oromo-train-91
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54044321
'Filannichi akka hin gaggeeffamnetti ilaalama, hin raggaasifamu, hojiirras hin oolu' -Mana Maree Federeshinii
Falannoon Naannoo Tigraay Roobii dhufaa gaggeessuuf jiru faallaa heera mootummaa biyyattii waan ta'eef ''kan bu'uura heera mootummaa 9(1) tiin gaggeeffametti kan hin lakkaa'amne, kan hin raggaasifamneefi hojiirra kan hin oolledha'' jechuun Manni Maree Federeshinii sagalee guutuun raggaasisuu ibseera.
Haata'u malee, naannoon Tigraay deebii murtee kana ilaalchisuun kenneen ''tarkaanfiin kamiyyuu fudhatamu, Tigraay filannoo gaggeessuurraa boodatti hin deebisu'' jedheera. Manni marichaa ibsa Sambata kaleessaa fuula feesbukii isaarratti maxxanseen, walgahii ariifachiisaa gaggeeffateen sochiin naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf taasisaa jiru ilaalchisee yaada murtee koreen hiikaa heera mootummaafi dhimmoota eenyummaa dhiyyeessee irratti mari'achuu ibseera. Haaluma kanaanis murteen naannoon Tigraay filannoo ilaalchisuun dabarseefi gochawwan raawwataa jiru faallaa heera mootummaafi hojiirra kan hin oolleedha jedheera. Sochiin naannoon Tigraay filannoo gaggeessuuf taasisaa jiru bu'uura heera mootummaa keewwata 9(1)tiin akka hin raawwatamneetti lakkaa'amuu, kan hin raggaasifamneefi hojiirra kan hinolledha jechuun fudhatama dhabsiiseera manni maree kun. Walgahii mana marichaarratti ''gochi qaamooleen seeraan alaa taasisanii ummata irra miidhaan qaqqabuu hin qabaatu jedhee kan amanu ta'uuisaafi itti fufiinsaanis manni marichaa deeggarsa ummata Tigraayiif qabuun akka miidhaan hawaasaa, dinadgeefi siyaasaa irra hin geenyeef yaalii haalawwan karaa nagaafi seeraatiin hiikuu taasisaa jiru cimsee akka itti fufuuf waliigalteerra gahameera,'' jedheera. Filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa baranaa gaggeeffamuuf ture sababii weerara koronaavaayirasiitiin yeroo adda hin baaneetti dabarfamuunsaa ni yaadatama. Kanarratti hundaa'udhaanis gaaffii boordiin filannoo biyyaaleessaa mana marii bakka bu'oota ummataafi mana maree federeshinitiif dhiyeesseen yeroon filannoon itti gaggeefamu dabarfameera. Haaluma kanaanis hanga filannoon gaggeefamuutti mannneen maree federaalaafi naannoolee hojiirra akka turan murtaa'ee kan ture ta'ulleen, naannoon Tigraay garuu sadarkaa naannootti filannoo mataasaa kan aggeessu ta'uusaa beeksisuun hojiiwwan gaggeessaa tureera. Boordiin filannoo filannicha akka gaggeessuuf gaafatee gaaffiin naannichaa bordii filannoo biyyaaleessaatiin fudhatama waan hin arganneef komishinii filannoo mataasaa hundeessuun qophii filannoo taasisuun filannicha gaggeessuuf amma guyyota muraasa qofaatu hafa. Adeemsa fialnnoo ilaalchisuun murtee manni maree federashinii dabarse naannooleen biyyattiitti argaman hundi hojiirra olachuuf dirqama kan qaban ta'ulleen naannoon Tigraay garuu faallaa kanaan qofaatti filannoo gaggeeffachuuf sochii taasisaa jiraachuu murtee yaadaa mana marichaatiif dhiyaate irratti ibsameera. Manni marichaas walgahii ariifachisaa isaa kanarratti labsiin filannoo naannoon Tigraay baase faallaa heera mootummaafi komishinii filannoo hundeessuus faallaa aangoo heerri boordii filannootiif kenne jechuun ibseera. Haaluma kanaanis manni maree naannoo Tigraay, labsiin qaama hojii raawwachiftuufi komishiniin filannoo ilaalchisuun baaseefi murteewwan dabarfaman hundi fudhatama kan hinqabneefi faallaa heera mootummaati jedheera. Kana malees, komii paartiilee akka Paartii Dimokraasummaa Tigraay, Paartii Dimokraasummaa Raayyaan Raayyummaafi mana maree koreen Eenyummaa Walqaayitiifi Xagadee Deebisuu mana mareetti dhiyeeffatan eeruun, ''filannoo seeraan alaa nannoon Tigraay gaggeessaa jruun walqabatee sarbama mirga namoomaa lammileerra gahaa jiruufi mirgoota paartiilee siyaasaa heeraan mirkanaa'an kabajuu dhabuun fudhatama kan hin qabneefi dhimma sirreeffamuu qabaatudha'' jedheera manni marichaa. Deebiin naannoo Tigraay maal jedha? Naannoon Tigraay murtee manni maree federashinii dabarse kana ilaalchisuun yaada kenneen mootummaan federaalaa murtee kamiyyu dabarsuus 'Naannoon Tigraay filannicha gaggeessuurraa booddeetti hin deebiisu'' jechuu ejjannoosaa beeksiseera. Dubbii itti-gaafatamaan Biiroon Haqaa Naannoo Tigraay Obboo Amaanu'eel Asaffaa TV naannichaa irratti taasisaniin, jalqabumarraa kaasee fiallnnicha gaggeessuuf wayita yaadamu rakkoon jiraachuu akka malu hubachuun itti yaadamee kan itti galameedha jedhaniiru. Murteen mana maree kanaan dabarfames bakka miseensoonni bakka bu'oota naannichaa hin argamneetti dhoksaan kan ta'edha jechuun ibsaniiru Obbo Amaanu'eel. ''Filannoon kan ummataati'' kan jedhan Obboo Amaanu'eel, murteen amma manni maree federeshiinii filannoo naannichi gaggeessuuf jiruufi kan lammiilee miliyoona 2.7 ol filachuuf galmaa'an, akkasumas kan paartiilee siyaasaa irratti dorgomuuf socho'aa jiraniin filannoo qaamoolee seeraan alaatiin gaggeeffamu jechuun ibsuun sadarkaa manni marichaa irratti argamu kan mullisuudha jechuun ibsaniiru. Manni maree federeshinii waggoota lamaan darban keessa kaayyoo hundeeeffameef kana akka maddaallii eegsiisuufi qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa ta'ee akka jiraatuufi kkf gara cinaatti dhiisuun hojiiwwan mirgoota lammiilee sarban irratti xiyyeeffateera jechuun komataniiru Obbo Amaanu'eel. Naannoon Tigraay ammoo filannoo Roobii Fulbaana 9, 2020 gaggeefamuuf jiru kanarratti sagalee kennuudhaaf lammileen miliyoona 2.7 galmaa'usaanii komishiin fialnnoo naanncihaa beeksiisuunsaa ni yaadatama.
GEM-xlsum_oromo-train-92
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53010297
Ameerikaa: Donaald Tiraamp qondaaltota mana murtii ICC irra qoqqobbii kaa’an
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp qondaaltota Mana Murtii Yakkaa Idil - Addunyaa (ICC) irra qoqqobbii kaa'an. Kana kan godhaniifis qondaaltonni ICC kunneen humnoonni Ameerikaa biyya Afgaanistaanitti yakka waraanaa yoo raawwatanii jiraatan jechuun qorataa waan jiraniif.
Ministirri Dhimma Alaa Maayik Pompewoo ''Yunaayitid Isteet mana murtii kaangaarootiin hin doorsifamtu'' jechuun dubbataniiru Ajajni pirezidantichaa qabeenya hojjettoota Mana Murtii Yakkaa Idi-addunyaa (ICC) akka itti hin fayyadamne ni godha. Lammatammoo, Ameerikaa akka hin seennes ni taasisa. Gabaasni dura bahe yakki waraanaa akka raawwate erga akeeke boodadha ICC'n qorachuu kan eegale. Donaald Tiraamp irra deddeebbiin mana murtii kana qeeqaa turan. Walaba ta'uu isaa irrattis gaaffii dhiheessaa turan. Yunaayitid Isteet miseensa mana murtii kanaa miti. Murtee manni murtii kuni lammiilee biyyattiirratti kennus hin fudhattu. Gaafa Kamisaa, akkuma Donaald Tiraamp ajajicha mallatteessaniin Ministirri Dhimma Alaa Maayik Pompewoo ''Yunaayitid Isteet mana murtii kaangaarootiin hin doorsifamtu'' jedhaniiru . Dabalaniis, qoqqobbiin kuni maatii qondaaltota ICC Ameerikaa akka hin seenne akka dhorkuullee himan. Abbaan Alangee biyyattii Wiiliyaam Baarillee 'biyyoonni alaa kanneen akka Raashiyaa ICC'tti dhimma bahaa jiru' jechuun ragaa malee himataniiru. Manni Murtii Idil-addunyaa himannaa kanaaf deebii hin kennine. Haa ta'u malee, gareen mirga namoomaa Humaan Raayitis Waach yeroosuma murtii Ameerikaa qeeqe. ''Haleellaan ICC irratti raawwate kanneen Afgaanistaan, Israa'eeliifi Paalestaayinitti yakki irratti raawwate akka haqa hin arganne dhorka,'' jechuun Humaan Raayitis Waachitti daarektarri Waashingitan Andiriyaa Piraasow dubbatteetti. Biyyoonni haqa idil-addunyaa deeggaran adeemsa Ameerikaa akka mormanillee yaada dhiheessite. Bakka bu'aan dhimma alaa Gamtaa Awuroppaa Joseef Boreelillee 'manni murtichaa yakka idil -addunyaatti raawwatef haqni akka argamu gahee olaanaa gumaateera' jechuun ibsaniiru. Ijoon dubbii maali? Yakka loltoota Ameerikaafi Afgaanistaanitti raawwate jedhame akka qoratamu Manni Murtii Idil - addunyaa jalqaba bara 2020 eeyyamee ture. Yeroos Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Pompewoo qeeqa jabaa dhiheessan. Qorannoo kana keessa yakka Taalibaan, mootummaa Afgaaniifi loltoonni US bara 2003 eegalee raawwatan jedhame ni qoratama ture. Afgaanistaan miseensa mana murtii kanaa taatus akkuma Ameerikaa qorannoo kana mormiteetti. Pirezidant Tiraamp loltoota Ameerikaa keessatti yakka raawwachuun shakkamanii himanni irratti baname dhiifama taasisaniiruufi. Bara darbe, bulchiinsi Tiraamp imala qondaaltota mana murtichaa irratti dhorkaa kaa'ee ture. Qondaaltota mana murtii kanaa irrattis qoqqobbii biraa kaa'ee ture. Wanti raawwate jedhamee shakkame maali? Qorannoon duraa haleellaa namoota nagaa, hidhaa akkasumas yakkamaa ta'un osoo hin mirkanaa'in ajjeechaan yoo raawwatee jiraate qorateera. Gabaasni manni murtii kuni bara 2016 baase waraanni Ameerikaa mana hidhaa dhoksaa CIA'dhaan hogganamu keessa namoota dararaa turuu isaa ragaan amansiisu akka jiru hima. Dabalataanis, mootummaan Afgaanistaanis hidhamtoota dararuu akkasumas Taalibaan yakka waraanaa namoota bakka tokkotti ajjeesuu dabalatee akka raawwate amanuun hin rakkisu jedha. Manni Murtii Idil-Addunyaa bara 2002 irraa kaase duguuggaa sanyii, yakka farra namummaafi yakka waraanaan kanneen himataman murtii seeraa akka argatan hojjechaa ira. Hirmaannaa Yunaayitid Isteet malee hojiin mana murtichaa garuu waan laaffate fakkaata.
GEM-xlsum_oromo-train-93
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49470443
Indooneezhiyaan magaalaa guddoo ishee odola Boorniyootti ijaaruuf
Indoneezhiyaan magaalaa guddoo ishee Jaakaartaa irraa gara naannoo odola Boorniyootti jijjiiruuf murteessuu Pirezidantiin biyyattii Jookoo Widooddo dubbatan.
Jiraattota miiliyoona 10 kan qabdu Jaakaartaan, lafa raareerratti bu'uureffatamte. Qaamni magaalittii waggaatti seentimeetira 25 liqimfamaa kan jiru yoo ta'u, amma walakkaan magaalittii sirrii galaanaa gadi jira. Hanga ammaatti bakka magaalli guddoon itti ijaaramuuf maqaan hin kennamne. Haata'u malee naannoo hedduu hin misoomne, bulchiinsota Kertanegaaraa fi Peenjaam Paaser Utaara jedhaman gidduu ta'a jedhameera Piroojeektiin misooma maagala guddoo haaraa kanaa maallaqa doolaara miiliyoona 32.7 gaafata. Magaala Jaakaarta keessatti cinqaan tiraafikaa qofti waggaatti tokko arfaffaa maallaqa piroojektii kanaaf barbaachisu fudhata.
GEM-xlsum_oromo-train-94
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48312186
Ilhaan Omaar wixinee haaraa Tiraamp baasan qeeqan
Dhallattuu Somaalee fi miseensa Kongiraasiin Ameerikaa kan taate Ilhaan Omaar seera godaantootaa haaraa Doonald Tiraampii kaleessa ibsanirratti namoota qeeqan keessaa tokko. Seerrichis namoota baratan, darggagoota, namoota Afaan Ingiliizii dubbachuu danda'aa fa'iif carraa fooyyee kan kennudha.
Ilhaan Omaar Sirna haarawa kana jalaatti, nageenyi daangaa cimuun warra kolgaltummaa gaafataniirratti haallichi cimeera. "Kolgaltootaaf dugda keenya hin kenninu. Pireezidaanticharraa waa'ee dhala namaa kanneen guyyaa haaraa qabachuuf yookiin haala badaa jalaa miliquuf jecha biyyaa bahan haala kanaan yoo dubbataan dhagahuun, baay'ee abdii nama kutachiisa," jedhu Addee Omaar. Dabalataanis, "Yeroon namoonni bulchiinsa kana keessa biyya isaan keessa jiraachuu barbaadan dubbatan yoon dhagahu, gara waan namni tokko hin yaadanetti kan nu geessudha. Imaammata gara fulduraatti nu tarkaanfachiisu hojiirra oolchuu qabna." Haasaa isaanii Waayit Hawuus tti godhaniin, Donaald Tiraamp seera haala namoonni sabaaba maatiisaanitiin gara US deeman dhiisuuf akka ta'aan dubbataniiru. "Jijjiiramni guddaan nuti goonu baqatoonni gara biyyaa keenya dhufaan ogummaa ol aanaa qaban %12 irraa gara %57 guddisuufi kana olii akka ta'u barbaanna," jedhaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-95
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56362091
Sooriyaa: Waraanni Sooriyaa biyyoonni hedduun harka keessa galfatan hanga har'aatti maaliif furmaata dhabee?
Mormiin karaa nagaa waggaa 10 dura pirezedaantii Sooriyaa irratti ka'e ture kan gara wal waraansa guutuutti jijjiirame. Sababa waraana kanaa ammoo lubbuun namoota 380,000 ol kan darbe yoo ta'u isaan keessaa 116,911 kan ta'an namoota nagaadha.
Waraanni Sooriyaa kun akkamiin jalqabee? Sooriyaa keesstti osoo walitti bu'insi hin jalqabiin durayyu lammileen biyyattii hedduun hojii-dhabdummaa, malaammaltummaafi hanqina bilisummaa siyaasaa guddaa, bulchiinsa pirezedaant Bashir al-Asaad jalatti isaanitti hammaateef gungumaa turan. Pirezedaant Bashir al-Asaad bara 2000 erga abbaan isaa Hafeez du'ee booda ture kan aangoo dhaalee itti fufe. Bitooteessa 2011 keessa, mormiin namoota dimokiraasiin akka jiraatu fedhaniin magaalaa gama kibba biyyattii keessatti argamtu Deeraa jedhamtutti dhohe. Mormiin ka'e kun ammoo biyyoota ollaa sirna bulchiinsa hacuuccaa mormaniin hamilee dabalataa argate. Yeroo mootummaan Sooriyaa warra yaada addaa qaban callisiisuuf jecha tarkaanfii humnaa fudhachuun namoota ajjeesuu jalqabu, guutummaa biyyattii keessatti akka pirezedaantichi aangoo gadhiisuu mormiin cime. Tasgabbii dhabuun wayituma baballataa adeemu tarkaanfiin callisiisuuf fudhatamus akkasuma cimaa deeme. Deeggartoonni mormitootaas dura ofirraa ittisuufi itti aansuun ammoo humnoota nageenyaa naannoosaanii jiran qulqulleessuuf hidhannootti deebiyan. Pirezedaant Alaasaad ammoo warra "shorokkeessitoota humna alaatiin deeggaraman" jedhan dhabamsiisuuf dhaadatan. Hokkarri saffisaan cimaa dhufuudhaan biyyattiin gara waliin wal waraansatti seente. Finciltoonni dhibbaan lakkaa'aman uumamuun booda lolichi deeggartootaafi mormitoota Bashir al-Asaad gidduutti qofa ta'uun hafe. Humnoonni gurguddoo biyya alaas baabsii deemuu jalqabuun garee deeggaraniif maallaqa, meeshaalee waraanaafi loltoota erguu jalqaban. Adaduma dubbiin hammaachaa dhufeenis dhaabbileen mankaraaressitoota jihaaddistootaa akka Islaamiik Isteet (IS) akkasumas al-Qaa'edaa keessatti hirmaachuu jalqaban. Kun ammoo hawaasa addunyaatiif yaaddoo guddaa ta'aa dhufe. Kurdoonni warra Sooriyaa mirga ofiin of bulchuu barbaadu garuu humnoota Alasaadiin hin lolle ammoo walitti bu'insa kana akka inni kallattii biraa qabaatus taasieera. Namoota meeqatu sababa lola kanaatiin du'e? Gareen mirgoota namoomaaf falmuufi UKtti argamu 'Sooriyaan Obervaatorii foor Huumaan Raayits (SOHR)' jedhamu, gabaasa maddeen Sooriyaadhaa qaburraa walitti sassaabee dhiyeesseen, hanga Mudde 2020'tti namoonni 387,118 kan ajjeefaman yoo ta'u, isaan keessaa 116,911 namoota nagaadha jedhe. Lakkoofsi namoota du'anii dhaabbanni kun gabaase, namoota achi buuteen isaanii dhabame 205,300 tarii du'uu malu jedhan hin dabalatu. Namoota achi buuteen isaanii dhabame jedhaman kunneen keessaa kanneen 88,000 kan ta'an namoota nagaadha. Eenyutu keessatti hirmaate? Waggoota 10 darban keessa Raashiyaafi Iraan deeggartoota mootummaa warra ijoo jedhamanidha; biyyoonni Lixaafi biyyoonni Galoo-galaanaa Arabaa ammoo sadarkaa gara garaan deeggarsa taasisaa turaniiru. Raashiyaa - biyyi kun osoo waraanni Sooriyaa hin jalqabiin durallee buufata waaraanaa achii qabdi ture. Achumarraan Alasaadiin deeggaruun duula bara 2015 jalqabuun Raashiyaa lola kana keessatti sadarkaa biraatti ceesiseera. Loltoonni Raashiyaa "shorokkeessitootarratti" xiyyeeffannee rukkunna yaa jedhaniyyu malee rogeeyyonni garuu finciltoota idileefi namoota nagaa haleelaa turan jechuun dubbatu. Iraan - Iraan ammoo Alaasaadiin deeggaruudhaan loltoota dhibootaan akka bobbaafteefi maallaqa dolaara Ameerikaa biliyoona hedduu baasuutu dhaga'ama. Milishoonni warra Shi'aa kumaatamaan lakkaa'aman Iraaniin hidhachiifamanii, leenji'anii maallaqaan deeggaramu. Irra caalaan ammoo sosochii Hezboollaa warra Libaanosidha. Kana malees, Iraaq, Afgaanistaanii fi Yamanilleen gama loltoota Sooriyaa goruun keessatti hirmaatu. Biyyoonni akka US, UK fi Firaans ammoo gara jalqabaa gareewwan finciltoora "ilaalcha giddu-galeessa ta'e" qabu jedhanii yaadan deeggaraa turan. Tumsi addunyaa USn durfamu ammoo haleellaa xiyyaaraa kan ture yommuu ta'u bara 2014 ammoo humnoota addaa kan Humnoota Dimokiraasii Sooriyaa (SDF) jedhamu tumsa milishoota Kurdootaafi Arabaatiin ijaarame deeggaru erganiiru. SDF daangaa yeroo tokko milishoota ISn kaaba-bahaatti qabatamee ture deebisaniiru. Tarkii - Tarkiin ammoo deeggartuu mormitootaa ishee guddoodha garuu xiyyeeffannoon ishee gareewwan finciltootaa fayyadamuun milishaa Kurdooaa YPG kan SDF dhuunfatanii jiran qabachuudha. Tarkiin garee kana warra kanaan dura finciltoota Tarkii keessaa badan itti fufsiisan jechuun himatti. Loltoonni Tarkiifi gareewwan finciltootaa waliin ta'uudhaan daangaa Sooriyaa gama kaabaan jiru bal'aa qabachuun sochii humnoonni mootummaa kutaa Idilbii jedhamu mormitootaan qabatamee jiru irratti taasisan dhorkanii turan. Sa'ud Arabiyaa - fedhii dhiibbaa Iraan dura dhaabbachuudhaaf qabduun, jalqaba waraana sanarraa kaastee finciltoota hidhachiisuufi maallaqaan deeggaraa turteetti. Morkattuu ishee Galoo-galaanaa kan taate Qaataaris gareema finciltootaadhuma kana deggarti. Israa'el- Israa'el ammoo gamasheetiin eanwhile, "da'oo loltummaa" Iraan Sooriyaa keessatti tolfaaa jirtuufi meeshaa waraanaa isheen Hezboollaattiifi milishoota Shi'aatti galaanaan fe'aa jirtudha dha jechuun yaadda'uun haleellaa xiyyaaraa irra deddeebiin gaggeessaa turteetti. . Biyyattiin akkamiin miidhamaa turte? Akka SOHR jedhutti du'aatii kuma dhibba hedduu qaqqabsiisuun alatti sababa waraana Sooriyaa kanaan namoonni nagaa miliyoona 2.1 ta'an madaa'aniiru ykn qaamaa hir'ataniiru. Osoo waraanni hin jalqabamiin baayyina ummataa Sooriyaa miliyoona 22 ta'an keessaa walakkaa kan ta'an qe'ee isaaniirraa baqataniiru. Kanneen miliyoona 6.7 ta'an achumaa achi keessatti buqqa'anii hedduun isaanii kaampii keessa kan jiraatan yoo ta'u kanneen miliyoona 5.6 ta'an biroon ammoo biyya alaatti akka godaantotaatti galmaa'aniiru. Biyyoonni ollaa akka Libaanos, Jordaaniifi Tarkiin baqattoota Sooriyaa kana %93 kan simatan yommuu ta'u, seenaa yeroo dhiyoo keessatti gadaansa baqattootaa guddicha ta'ee galmaa'eera. Daa'imman miliyoona tokko ta'an godaantota Sooriyaarraa biyya itti baqatanitti dhalataniiru. Akka UN jedhutti hanga Amajji 2021tti namoonni Sooriyaa keessa jiran miliyoona 13.4 ta'an gargaarsa namoomaatu isaan barbaachisa. Isaan keessaa ammoo milyoona 6 kan ta'an darkaa daran hama keessa waan jiraniif gargaarsa addaatu isaan barbaachisa. Bu'uuraaleen misoomaa biyyattii keessa jiraniifi ollaa jiran waraana waggaa kudhan ture kanaan manca'aniiru. Bakkawwan seena qabeeyyii Sooriyaa keessatti argaman garri caalan barbaada'aaniiru. Qorannoon yakkawwan waraanaa UN qaamoleen hundumtinuu "seera akka malee cabsuun" yakka raawwataniiru jedha. Yeroo ammaa eenyutu biyyattii to'atee jiraa? Mootummaan magaalaa guddicha Sooriyaa deebisee qabateera garuu garri guddaan biyyattii ammallee finciltoota, jihaaddistootaafi SDF kan Kurdootaan durfamuun qabamee jira. Bakka mormitoonni ciminaan qabatanii jiran kutaa kaaba-lixaa Idilbii jedhamuufi garii Haamaa kaabaafi lixa Aleeppoodha. Waraanni kun dhaabbataa laata? Waraanni Sooriyaa keessatti qaamoleen hedduu hirmaachisee waggoota kudhan ture kun yeroo dhiyoo keessatti kan dhaabbatu hin fakkaatu. Garuu furmaanni siyaasaa akka barbaachisu hundumtuu irratti waliigaleera. Waliigaltee Jenevaa bara 2012 kan qaamni ce'umsaa "kan waliigaltee hundaan ijaarame" akka gaggeessu yaadame akka hojiirra ooluuf Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii (UNSC) waamicha taasisee jira. Mariin nagaa karaa UN gaggeeffame marsaa sagaliif gaggeeffame jijjiirama osoo hin fiduun karaatti hafeera. Kanaaf ammoo sababiin gareen mormitootaa mariin nagaa gaggeeffamuudhaaf dursa Pirezedaant Alasaad aangoorraa ka'uu qaba waan jedhaniif inni ammoo diduunidha. Raashiyaa, Iraan fi Tarkiin marii siyaasaa wal-maddee adeemsa Astaanaa jedhamu bara 2017 keessa hundeessanii turan. Waggaa itti aanu keessa koreen miseensota 150 qabu hundeeffamuun gaggeessumma UNtiin heera mootummaa haarawaa gara filannoo haqaafi bilisaatti geessu akka barreessaniif waliigalteerra gahameera. Haata'u malee, amajji 2021, ergamaa addaa UN kan ta'e Ge'iir Pedersan heera kana wixineessuullee hin jalqabne jechuun gaddaa dubbata. Obbo Pedersan dabalataan akka himanitti, loltoonni humnoota alaa shan yeroo ammaa Sooriyaa keessa dammaqinsaan socho'aa jiran kanatti, ammallee furmaanni harka Sooriyaanotaa jira jechuun fakkeessuu hin danda'an.
GEM-xlsum_oromo-train-96
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53815326
Miidhaa Dubartootaa: Gidiraa shamarree Goojjam dhiirota ja'aan gudeedamtee
Maahilet Abbabbaa Shamarree waggaa 17 yoo taatuu, magaalaa Baahir Daar keessatti dhiiroota jahaan dirqiisiifamtee gudeedamuun miidhaa qaamaafi sammuuf saaxilamu BBC'tti himte.
Seenaa ishee guutu dubbifadhaa. Maahilet Abbaabaa (maqaan kan geedarame) dhalattee kan guddattee Gojjam Liixaatti. Barnootas hanga umuriishee waliin adeemuu barattee jirti. Eenyummaa ishee adda baasuun nageenya ishee booruutiif jecha ragaa barnootaafi odeeffannoo dhunfaashee yeroof bira darbuu murtessineera. Gara magaalaa Baahir Daar kan deemtees maatii waliin mari'achuun barnoota ishee itti fufuu ture. Haata'u malee, hawwiin isheen barnoota itti fufuuf qabdu kunis sababii adda addaatiin akka barbaaddetti hin milkoofneef. Kanaafuu filmaata biraa barbaacha hojii barbaaduu eegale. ''Kanuma argamen hojjadha ture. Puulii xabachiisuu eegaleen ture. Itti aansee mana dhugaatiitti keessumeessuun eegale,'' jechuun umurii malee attamiin hojii hedduu akka hojjachuu eegaltee himti. Hojii argachuuf baayyee hin rakkannee ture. Hojiichas kan argatte karaa namoota isheefi namoota ishee hojjachiisan beekaniitiin ture. Dhumarratti mana dhugaatii (girosarii) xiqqoo tokko keessa hojjatte turte. Guyyaa Roobii ALI Waxabajjii 10, 2012 sababii Covid -19n hoojii dhaabnee waan turreef manuman oolan ture jechuun mudannoo ishee akkasiin himti Maahileeti. Naannoo sa'aatii 10 qilleensa fudhachuufan manaa bahe gara Xaanaatti. Hiriyyaa kiyya waliin baanee osoo hin dukkanoofne haa deebiinu jenne manaa bane. Hiriyyaan waliin bahanees jaalallee kiyya osoo hin taane gurbaadhuma safaratti ijaan beekuudha. Naannoo sa'aatii 10:30 ni ta'a. Gurbicha walinis ijoollee dhiiraa lamatu ture. Isaanis mucaan ani beeku sana qabanii erga hambiisanii booda anaan ammoo na fudhii deema. Isaan keesssaa gurbaan ijaan qofa beeku nagumaan natti haasaa'aa ture. Keessa kiyyatti inni hirriyaa kiyyaa maaliif hin dhufne jedheen eegaa ture. Haata'u malee, isaan isa hari'anii turan booda akkan hubadheetti. Innis biyya kami dhuftee? Maal baratta? Hojiin attamii hojjatta? Jedhee na gaafataa ture. Gurbaan inni tokko uffata (tuttaa) garaajii akkuma uffatetti ture. Boodas 'deemuufanan' jedheen. Innis 'lakkii eessayyuu hin deemtu. Ana waliin bakka ta'e deemta' naan jedhe. Lakkii jennaan cuubee baasuun na sodaachisee bakka ta'e na geese. Eddoonsaas Baahir Daar ganda 03 jechuudha. Boodas hiriyyoonni isaa lamaan dhufan. Akka hin iyyiineef cuubee cinaachatti na akeekee na sodaachisaa ture. Mana guddaa dallaansaa qorqoorroon ijaarameedha. Manichi jijjigaa biyyoon ijaarameedha. Namuu keessa hin jiraatu. Yoo ol seennuus ijoollee sadii agarree. Erga seennee booda hin taa'u jennaan kaballaan na rukkutee akkan taa'uuf na ajajan. Achiin boohuun eegale. Achiin boodas, hiriyyoonni isaa hunduu ana waliin ciisuu akka barbaadan natti hime. Garuu inni safaratti waanan si beekuuf kun akka ta'u waan hin barbaadneefuu osoo isaan hin dhufiin dura akkan isa waliin quunnamtii saalaa raawwadhu na gaafate. Anis lakkiin jedhee dide. Ana waliin daftee yoo ciifte siin baasa. Isaanis si waliin ciisuu barbaadu waan ta'eef naan jedhe. Achinis 'adaraa haadha keetii' jechuun kadhachuun eegale. Innis 'maaliishiin? Hundaan dirqiisifamtee qudeedamuu barbaaddee? jechuun na arabsee. Kadhannaa cimsulleen 'siif hin beeku' jechuun kaballaan na rukkute. Ani dinnaan cubee duraa sana baasee 'kanaanan si mummura' naan jedhe. Uffata garaajii uffatee ture cuubeedhaan ofiirraa baqaqsee baasuun 'yoo diddee sis akkasittiin qullaa kee asi sii baasa' naan jedhe. Isaan boodas diriqiin quunnamtii saalaa narratti raawwatee erga xumureen booda 'koottu asiin si baasa' naan jedhee harka kiyya na qabe. Osoon boohuu, nagaan osoo tole jettee turte akkasiin hin miidhamtu ture, uffanni keessi sirratti hin tarsa'u ture' naan jedhe. Na reebee waan tureef fuulli kyyas baayye narratti dhiitaa'ee ture. Baayyee waan na reebeef garaan kiyyas miidhame ture. Achiin booda kottu karran si baasa naan jedhee manaa gadi baasuun hiriyyota isaa ala turaniitti na dhiisee natti qoosaa dallaa keessatti na gatee bahee deeme. Isaan boodas shan ta'anii wal duraa duuba yoo natti dhufan iyyuun eegale. Isaan keessa tokko baayyiftee jirta jechuun muka dallaa keessaa irraa ulee muree na reebuu eegale. Isaan boodas shananuu dabareen quunnamtii saalaa narratti raawwatan. Jidduutti sadaffaan booda of walaalee waanan kuufeef wixxifachuu dadhabe. Of to'achuu hin dandeenye ture. Bishaan natti naqanii booda dammaqe. Isaan boodas asii baate waan tokko jetta taanaan nu harkaa hin baatu jechuun baasanii na darbatan. Wayita yakka narratti raawwataniitti bilbila kiyya fudhatanii cufanii turan. Baasanii erga na darbatanii booda bilbila naaf deeebiisan. Mucaan beeku sanaaf bilbilee naaf dhaqabi jedhee waammadhe. Innis fiigaa naaf dhufe. Achiin gara poolisiitti akka na geessu gaafadhe. Isaan booda wallaansaa argadhee jecha kiyyas narra fuudhan. Buufata poolisii erga bulleen booda gara dhaabbata kanaa na fidan borumtaa isaa. Osoon hin cisiinan bulee. Mana fincaaniin deema jedhee of ajjeessuuf yaadeen ture halkan sana. Yeroo baayyee of balleessuuf yaadeera gochi sun erga narratti raawwatameen booda. Isaan boodas guyyoota jahaaf fincaan fincaa'uu dadhabeen ture. Ergan as dhufeen booda wallaansi naaf taasifame. Amma ujjummoon naaf tolfame isaanan fincaa'aa ture. Booda na dhukkubnaan naaf baasan. Amma omaa hin jedhu ergan wallaanamee booda. Miseensa poolisii tokkatu as na fide. Qorannoon hundi naaf taasifameera. HIV garuu baatii sadiin booda naan jedhan. Namoota na gudeedan keessaa shan qabamaniiru. Tokko garuu baqateera. Anis mana murtiitti jecha kiyya kenneera. Gara dhaabbata kanaa Waxabajjii 11 dhufe. Amma baatii tokko guuteera. Kunuunsa gaarii naaf taasisan. Dhiira ijaan arguun mataansaa baayyee na jibbisiisa. Qaamni kiyya wayyaa'ulleen sammuu kiyyaa baayyee miidhameera. Yoo naaf sirratee gara maatii kiyyaatti deebii'ee barnoota kiyya itti fufuun barbaada. Dubartoonni akka of eeganiifan gorsa. Warra dhiiraatiin ammoo haadhaafi obbooleetti waan qabaniif akka namaatti osoo yaadanii miidhaa akkasii dubartiirratti raawwachuu baataniin jedha. Qaamooleen seeraa ammoo namoota yakka akkasii dubartootarratti raawwatan irratti addabbii barsiisu osoo murteessaniin jedha. Waan narra gahee kana maatiin kiyya hin dhageenye. Akka hin dhiphannee waanan barbaaduuf akka dhagahan hin feene. Firri kiyya tokko duraan maatii warra na gudeedanii waliin maallaqaan haala dubbannu jedhee na rakkisaa ture. Jechuunis maallaqa siif haa kenniinuutii himmannaa dhaabii naan jedhanii ture dura. Anis harra maallaqaan waliigalee yoon himmachuu dhiise booru dubartoonni biraa akka kiyyaatti dirqiin gudedamu. Inni akka ta'u waanan hin barbaadneefan dideera. Kan narratti raawwatamee akka obboolaa kiyya biraa irra gahu hin fedhu. Dhaabbanni Ittisa, Haaromsaafi Deebiisanii Dhaabbu Daa'immaniifi Shamarran Daandiirraa kunis da'imman sababii adda addaatiin miidhaaf saaxilaman gargaara. AL I bara 2000 irraa kaasee fedhiiwwan bu'uuraa dhiyeessuun alatti deeggarsa qor-qalbii kennaa jira. Daa'imman seeraan ala dadabarfaman, fi dubartoonni miidhaa heeruma umurii maleefi miidhaa dirqiin gudeedamuu irra gahee gara dhaabbata kanaa deemu. Kana malees, dhaabbatichi maatiinllee jireenya fooyya'aa akka jiraatanii tajaajila gosraa ni kenna. Deeggarsa seeraa mana murtiittis ni taasisa. Ijoolleen miidhaaf saaxilaman gara dhaabbatichaa kan geeffaman poolisootaan. Maahileetis gara dhaabbata kanaa kan geessee miseensa poolisii buufata jahaffaa magaalaa Baahir Daar. Saajiin Ol-aanaa kan ta'an Biraarraa Mollaa poolisii qorataa buufatichaati. Yakki Maahileti irratti raawwatameef guyyaafi sa'aatii isaa waliin dhugaa ta'uu BBCtti himan. Akkuma yakkichi gabaafameen miidhamtuun gara Hospitaala Falaga Hiyoote geeffamtee wallaansi akka taasifamuun gara buufatichaatti akka deebiifamte ni yaadatu. Isaan boodas qorannichi itti fufuun eenyummaan shakkamtootaa waan adda baafameef ''poolisoonni hundi wal ta'uun shanan isaanii to'annaa jala oolfamaniiru. Tokko hin to'atamne,'' jedhu. Umurii isaaniif yakki raawwatame qoratamee erga qindaa'een booda raga seeraa waliin biiroo haqa Magaalatiitti ergamuun himannaan irratti banamuu dubbatu. ''Dhimmi daa'immaniifi ijoollee waan sardaa waan ta'eef, biiroo haqaa magaalichaa dabalatee deeggarsi gahaan akka taasifamee dubbatu saajiin Ol-aanaa kun. Ammatti shakkamtoonni mana sirreessaa magaalaa Baahir Daar galaniiru kan jedhan itti gaafatamshakkamaa jahaffaa to'annoo jala oolchuuf ammo ''dhaabbilee hundi walta'iinsaafi waliin socha'uun galmee kanarratti murtee eeggataa jirra,'' jedhaniiru.
GEM-xlsum_oromo-train-97
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54510696
Israa'eel Jewiishota Itoophiyaa 2000 ta'aniif karra bante
Israa'el Jewiishota Itoophiyaa 2000 ta'an gara biyya ishee akka seenan hayyamte.
Jewishotni Itoophiyaan baroota darban lakkoofsa muraasaan gara Israa'eel godaanaa turan Namootni kunneen namoota 8000 ta'an waggoota dheeraaf gara biyyattii galuuf kaampii godaantotaa keessatti eegaa turanidha. Namoonni kunneen Falaashaa jedhamuun kan beekaman yoo ta'u, lammummaa Israa'eel Jewishoti hedduun kallattiin argatan irratti falmiin isaan mudataa ture. Eeenyummaan isaanii tokko tokkoon erga mirkanaa'ee booda ture gara Israa'eel akka seenan kan hayyamamuuf. Bara 1980moota keessa kumootaan kan lakkaa'aman oppireeshinii dhoksaan Itoophiyaa irraa gara Israa'eel geeffamaniiru. Hedduun isaanii Gondar fi Finfinnee keessa, kaampii godaantotaa keessa jiru. ''Jibbi sanyummaa kan biyyoota biroon walfakkaata'' Hawaasni Falaashaa miseensota Beeta-Israa'eel kanneen xumura bara 1800 keessa mishinaroota Awurooppaatiin amantaa Kiristaanaa fudhatanidha. Mootummaan Israa'eel Jewishota ta'uu isaanii beekamtii guutuu hin kennuuf. Gara Israa'el seenuu qabuu fi hin qabaniin Jewishota Itoophiyaa wayita ammaa Israa'eel jiran biratti osoo hin hafiin dubbii falmisiisaadha. Gariin isaanii Israa'eel akka seenan hayyamamuufi qaba yoo jedhan, gariin ammoo Jewishota miti lammileedhuma Itoophiyaati jechuun hayyamamuufi akka hin qabne falmu. Dhiyeenya ministira Godaansaa ta'uun kan muudamte dhalattuun Itoophiyaa Piniinaa Tamaanoo-Shaataa, murtee kaabinee biyyattii kanatti gammaduu ishee tiwiitarii irratti barreessite. "Baay'een gammade" jette. Miseensota Falaashaa Israa'eel ala jiran mara gara Israa'eel seensisuuf waadaa galtee turte. Jewishotni Itoophiyaa bara 1980moota irraa eegalanii gara Israa'eel seenuu kan eegalan ta'us, achitti rakkoon adda addaa isaanirra gaha. Hoji-dhabdummaa, hiyyummaa fi loogiin isaanirra gahaa ture baroota darban fooyya'iinsa agarsiisus guutummaatti hin furamne.
GEM-xlsum_oromo-train-98
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48974501
Haleellaa Kiraayisticharch: Lammiileen Niwuuziilaand meeshaa waraanaa mootummaatti deebisan
Lammiileen Niwuuzilaandi meeshaa hidhatanii jiran deebisanii mootummaatti galii gochuu eegalan.
Meeshaa deebisuun kun haleellaa Masjiida magaalaa Kiraayisticharch keessatti argamu irra ga'e booda akkaataa walii galtee irra ga'ameen raawwatamaa jira. Haleellaan kun Masjiidarrati kan raawwatame Bitootessa darbe yoo ta'u namoonni 250 ta'an ajjeefamaniiru. Sagantaa meeshaa waraanaa walitti qabuu har'a eegalame kanaan meeshaaleen waraanaa 250 ta'an galii taasifamu. Hanga ammaatti namoota 169 meeshaalee waraanaa 224 dabarsanii mootummaatti kennaniif maallaqi doolaara Niwuuziilaandi 433,600 kaffalameeraaf. Meeshaaleen waraanaa walitti qabamanis yogguma sana barbadeeffaman. ''Hawaasni hidhate haala kanaan seera waliigaltee meeshaa galii gochuu kabajuunsaa waan abdiinamaaf kennuudha. Kun hawaasa sadarkaansaa fooyya'e ta'uu akka agarsiisu poolisiin ni hubata. Deebiin hawaasarraa argachaa jirru waan nama jajjabeessuudha,'' jedhu Komaandarri naannawa kanaa Maayik Joonsan. Akka komaandar Joonsanitti namoonni meeshaa hidhatan lakkoofsaan 900 ta'an meeshaalee waraanaa 1,415 deebisuuf tole jedhaniiru. Meeshaa ittiin adamoo adamsaa ture kan deebise namni maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko doolaaraa Niwuuziilaandi 13,000 argachuusaatti gammachuu qabu ibsa. "Hojiin kun sirrii miti jechaan ture. An akka dhuunfaa kootti itti gammadaa hin turre. Garuu, boodarra haala gaariidhaan hojjechuu eegalan. Amma baayyee gammadeera,'' jechuun gaazexaa Niwuuziilaandi Heeraalditti himeera. Garuu namni hundi gammachuu hin qabu. Meeshaa waraanaa waggaa 100'f qabatame akaakayyuu isaarraa dhaale dabarsee kennuun doolaara 150 kan argate jiraataan magaalaa Kiraayistcharchii Viinsant Saandars TV Niwuuziilaanditti akka himetti murtee kanatti hin gammadne waan ta'eef callisee dhiiseera jedha. ''Utuu nuti itti hin qophaa'in adeemsa hojichaa xumuran. Meeshaalee waranaa harkaa qabnu akka deebisnuuf guyyaa lama qofa nuuf kennan, nu dirqamsiisaa turanis,'' jedhe Walii galatti, sagantaa kanaaf mootummaan maallaqa doolaara Niwuuziilaandi miiliyoona 208 qabateera. Rifoormiin meeshaa waraanaa biyyattii akka fooyya'uuf kan murtaa'e Ebla darbe ture. Akkaataa rifoormii haaraa kanaan loltoota biyyattiirraan kan hafe namni kamuu meeshaa waraanaa qabachuu hin danda'u.
GEM-xlsum_oromo-train-99
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49924390
Itoophiyaa: Seerri adabbii yakkaa ganna 57n booda fooyya'e maal maal ofkeessaa qaba?
Seerri adabbii yakkaa Itoophiyaa kan fooyya'e wayita tahu, adeemsi seera adabbii yakkaa otoo hin fooyya'in ganni 57 darbeera. Dhiyyeenya kanas adeemsi seeraa kun fooyya'ee gara mana maree ministirootaatti ergameera.
Seerri kun 'Adeemsa Seera Yakkaa fi Seera Ragaa' jedhamuun kan moggaafame wayita tahu, baasuufis ganna 15 kan fudhate tahuu Abbaa Alangaa Federaalaatti, Daarektarri Daarektoreetii Qorannoo Seeraa turtii BBC waliin taasisaniin dubbataniiru. Maaliif adeemsa seeraa kana fooyyeessuun barbaachise? Seerri adeemsa adabbii yakkaa meeshaa hojiirra oolmaa seeraati. Adeemsa qorannoo kaasee haga murtee kennuu yookaan haga hidhamtoota amala sirreessuu jiru kanaan gaggeeffama. Seera adeemsa adabbii yakkaa ALI 1954 bahe fooyyeessuuf sababoota garagaraatu jiru. Seerri adabbii yakkaa ALI 1949tti bahe, 1996tti fooyya'eera. Seera adeemsaa 1954, seera adabbi yakkaa 1949tti bahe hojiirra oolchuuf bahe waan taheef, seerri 1949tti bahe haaromsameera taanaan, seerri adeemsaa 1954s fooyyahuu qaba jechuudha. Sababni inni biraan seerri kun wayita bahu biyyattiin haala ammarra jirtu hin fakkaattu turte. Sirni wayita sanaa sabdaneessummaaf beekamtii kan kennu hinturre. Kanuma giddugaleessa godhachuun wixineeffame. Aangoon mootummaa federaalaa maali? Aangoon naannolee maali? kan jedhuufi caasseffamni manneen murtii 1954 ture, kana ammaa wajii tokko miti. Bara sana Awuraajjaa, fi Aanaa caasseffama jedhutu ture. Kana malees adeemsi haqaa yeroo ammaa jiruufi bara sana ture tokko miti. Yaadrimeen haarayaa keessa galuu qabu waan taheef kan goone. Seerota haaraa meeqatu dabalame? Meeqatu fooyya'e? Seera duraaniirraa dambiiwwan guutummaatti fudhataman ni jiru. Kaanis gariin kan fooyya'aniifi yaadrimeewwan haaraa itti dabaluun kan dhufanis ni jiru. Fakkeenyaaf, inni tokko falmii balleessaa (plea bargain) dha. Abbaan alangaa fi himatamaan walfalmanii waliigaluun biyyoota akka Kaanaadaa fi Ameerikaatti kan baramedha. Fakkeenyaaf namni himannaa 15n himatame tokko, abbaa alangaa waliin falmii seenuu (plea bargain) seenuu danda'a. Abbaan alangaa, ragaa qaba waantaheef balleessaa kee in amanta taanaan, himannaawwan shanan dhiiseen isaan hafaniin si himadha jedhaan. Kanaan waliigalaannis himatamaan kun hidhaan yookaan adabbiin irraa hir'ataaf jechuudha. Dhimmi ganna tokko ganna lama fudhatu, guyyaa tokkoon raawwata. Manni murtis waliigaltee jara lamaa ni raggaasisa taanaan, adabbiin oggasuu kennama. Dabalataanis Itoophiyaan biyya saboonni fi sablammoonni hedduun keessatti argamanidha. Hawaasni kunis baroota dheeraaf yakka dabalatee, dhimmoota biroof seerota furmaataa qabu. Seerota aadaa kanaafis beekamtii kennuun barbaachisaadha. Kanumaanis seeronni aadaa keessa galaniiru. Adeemsi haga ammaa ture: Shakkamaan hin qabama, ni qoratama, mana murtii dhaqa, ni adabama, mana hidhaa gala. Furmaatni filannoo biraa hinjiru ture. Haatahu malee kanneen araada keessa jiran, rakkoo fayyaa sammuu qaban, akkasumas balaa hedduuf namoonni saaxilaman jiru. Namoota kanneen gara mana hidhaatti geessuu mannaa, akka filannoo biraatti gara itti bayyaatanitti akka geeffaman gochuuf wixinee kana keessa galeera. Hojimaati kunis biyyoota biroo keessatti hojiirra kan oolaa jirudha. Dabalataanis hojimaata araaraa ammaa kana foyyessuufi adabbii hanga waggaa 3 hiisisu danda'an irratti akka raawwatamu yaadni fooyya'insaa dhiyaatera. Araara raawwachiisuu danda'amnaan bu'aa argamsiisuun akka danda'amu hojii dhaan argiineerra. Murtoo dhumaa deebisanii ilaalii irratti fakkeenyaaf namni nama ajjeesuudhaan irratti murtaa'e erga hidhameen booda namni ajjefame jedhame qaamaan yoo dhufe sirni murtoon sun deebifamee itti ilaalamuu danda'u hin jiru. Murtoo sana geeddarsiisuuf ol iyyachuu qofa dha kan danda'amu. Biyyoota biraa keessatti garuu murtoo jalqabaa deebisanii ilaaluu irratti muuxannoo baayyeetu jira. Raawwii murtoo du'aa ilaalchisee immoo murtoon sun otoo hin raawwatamiin waggaa lama caalaa yoo ture gara hidhaa umurii guutuutti geeddaram. Biyya keenyatti namoonni murtoon du'aa irratti murteeffame akkasumaan hanga waggaa 15 ni turuu danda'a. Turuun gaarii haa tahuyyuu malee dhiibbaa xiinsammuu ni qaqqabsiisa. Wiixinee kanarratti gara hidhaa umurii guutuu akka geeddaramu kaa'uun jijjirama guddaa dha. Hojimaata amma jiruun murtiin du'aa murtaa'ee abbaan ol yoo hin iyyanne, murtichi ni raawwatama. Kunimmoo balaa guddaa qaba. Nuti kana raawwachaa gatii hin jirreef nu yaaddessuu dhiisuu danda'a. Namni erga du'ee booda ijaa hin deebineef ol yoo iyyachuu baatellee mannii murtii gara mana murtii waliigalaatti aKka ergu murtessi neerra. Dirqama ol iyyannoodhaan ilaalamuu ni qabaata. Shanaffaa yookiin torbaffaa taa'anii raggaasuu yookii kuffisuu qabu. Sirnoota aadaa bifa kamiin hammatan? Fakkeenyaas sirnoota aadaa ilaalchisee osoo naannoo Affaariiti yakki ajjeechaa raawwate firootni nama ajjeefamee fi firootni nama yakka ajjeechaa raawwatee waliin taa'anii sirni irratti wal himatan, waliin dubbataniifi furmaata dhumaa irra waliin gahan jira. Akkasuma sirni Gadaas yakka ajjeechaa irratti haala itti furmaata kennu qaba. Gara Kibba Walloo yoo deemnes dhimmota gurguddoo irratti sirnoota ittiin furmaata kennan qabu. Yakka ajjeechaa dabalatee. Kanaafuu sirnoota aadaa yeroo jennu sirnoota aadaa yeroo dheeraaf turaniif beekamtii kennuudha. As irrati bakki of eeggannoon itti godhamu hin jiru jechuu miti. Sirnootni tokko toikko mirgoota namoomaa kan cabsanidha. Fakkeenyaaf bakka tokko tokkotti haati warraa fi abbaan warraa osoo wal lolanii homaa hin dubbatiin callisii mana keetti gali kan jedhu gara tokkotti kan dhufe ykn loge sirni jaarsummaa jira. Kun mirga dubartootaa kan dhiibee fi sirrii hin taanedha. Yeroo kun tahu of eeggannoo guddaa waliinidha. Yakkootni sirnoota aadaan ilaalamanis jiru Sirna seeraa kana foyyeessuudhaaf maaliif waggoota hanga kanaa dheeraa fudhate Nuti amma foyyeessinee dhiyeessaa jirra yeroo jennutti, nuti amma kaanee kan wixineessine mit. Kanaan dura namoonni hojii kanarratti bobba'aniifi ogummaa kanaa qaban ni jiru. Hojiin wixineessuu kun kan turedha; gara waggoota 15 itti fudhateera. Har'aa boor osoo jedhamuu; jalqabamee deebiyee osoo addaan cituu, miirri abbummaa itti dhaga'amee xumuramuu qaba jechuudhaan ogeessi kan isaa kan ta'e ramadamuudhaan akka dhaabaatti dhimma du'aafi jireenyaa jedhamee waan hin qabamiiniif natti fakkaata. Waan fedhe ta'us, akka Abbaa alangaa Waliigalaatti seera wixineessuun mana maree ministeerotaaf dhiyeessineerra yeroo jennu galteewwan achirraa jalqabanii jiran fudhannee foyyeessaa, itti dabalaa, irraa hir'isaa dhufne, bu'aa sana hundaadha. Hojiirra oolchuudhaaf yeroo fudhata; salphaa waan hin taaneef, qoodaminsa aangoollee akka jijjiiramu ni taasisa. Kanneen federaaarra turan gara naanootti deemu. Kanneen naannoorra turan ammoo gara federaalaatti deebiyu. Qajeelfamoonniifi danbiiwwan yeroo itti aanan bahanis ni jiraatu; dhaabbileenis ni hundeeffamu. Seera kun ragga'e jechuun sirna haqaa irratti jijjiiramni guddaan ni dhufa jechuudhan. Sirni haqaa baayyee ammayyaa'aa ta'a jedheen yaada. Aangoo Federaalaa gara naannoo dhaquu danda'aa wayita jedhan… A.L.I Bara 1996 seerri adaba yakkaa bahe jira. Achirratti dambii bahe hunda funaanne kun kan Federaalaati, kunimmoo kan naannooti, kuni kan mana murtii sadarkaa jalqabaati, kuni kan mana murtii olaanaa, kunimmoo kan mana murtii ijibbaataati jennee tarreessinee keenyeerra. Hojimaata amma jiruun naannoleen dhimmoota yakkaa biroo kallatiin ilaaluuf aangoo hin qaban. Mootummaan Federaalaa seerotni baasnu mootummaa Federaalaa jalatti ramadamu. Hojimaata amma jiruun naannoleen bakkabu'uummaan hojjataa jiru fakkaata. Haata'u malee, wixinee amma jiruun naannooleef jedhamee ifatti tarreeffameera.
GEM-xlsum_oromo-train-100
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53662135
Miidhaa dubatrii: 'Lubbuu kiyyaafan sodaachaa jira amma'
Maqaanshee Zaarkaa jedhamti. Torbee kudhaniif dararaa keessa dabarsitee reefu ifa abdii arguu akka eegalte akkasiin seenaashee dubbatte.
‘’Amma gammadduudha. Funyaan koos deebisee argadheera. Bareedaadha,’’ jechuun hakiimota yaalii baqaqsanii wal’aanuu isheef taasisanitti haasofti. Funyaan ishee hodhameefi dhiiga uffate daawwitii harka isheen qabatteen ilaalti. Afgaanistaan keessatti haleellaan mana keessaa dubartoota irra gahu bal’aadha. Qorannoon Mootummota Gamtoomaniin hojjetame tokko dubartoonni biyyattii harka 87 tahan bara jireenya isaanii keessatti haleellaan saalaa, qaamaa yookiin xiin-sammuu irraa gaha. Yeroo dubbiin hammaattu abbaan warraa yookiin firri dhiiraa duabrtootaa asiidii fi haduu dhaan miidhaa irraan qahu. Abbaan warraa Zaarkaa yeroo darbe albeedhaan funyaan ishee irraa mure. ‘’Abbaan warraa koo nama hundumaa shakka,’’ waa balleessiteetti jedhee yoo yaade na dhaanuu hin dhiisu jetti, kun waanuma guyyuu raawwatudha jetti. ‘’Nama safuu hin qabnedha naan jedha, animmoo lakki kun dhugaa mitin jedhaani,’’ jetti. Zaarkaan bultii erga dhaabdee waggaa kudhan yoo tahu ilma ganna jahaa qabdi. Shamarreen ganna 28 reebicha abbaa warraa ishee dhaqna godhattee jirti, sadarkaa kanarra gaha jettee garuu hin yaadne. ‘Bayyanachuu…’ ‘’Yoon fuula koo daawwitii keessatti ilaalu funyaan koo iddootti deebi’aa jira,’’ jechuun BBC’tti himti. Otoo wal’aansi kun naa hin kennamiin dura namatti hin tolu ture jetti. Dr Zalmayii Kahaan Ahmadzaayiin hakiimota muraasa fuula deebisanii suphuun dhinsan keessaa isa tokkodha. ‘’Wal’aansi isheef kennine gaarii ture. Infeekshinii hin qabdu-xiqqoo akka diimachuu tahee ture inni immoo rakkoo miti,’’ jedha hakimtichi. Waggoota kurnan darbaniif Dr Zalmaayiin dubartoota Afgaan fuulli isaaanii abbaa waarraa, abbaa fi obbolessa isaaaniin akka malee tahe wal’aaneera. Fuula namaa akkanatti muranii balleessuun Seera Islaamaan dhorkaa tahus, dararichi itti fufeetu jira. Karaa dheeraa Zaarkaan maatii harka qalleeyyii naannoo Kaaheerkoot, Kaabuul irraa km250 fagaattee argamtu daangaa Paakistaanitti dhalatte. Barreessuufi dubbisuu hin dandeessu. Ganda isheen keessa jiraattu Taalibaanitu guutummaan guutuutti to’ata. Marii abbootii siyaasaa fi finciltoota gidduutti taasifameen Kaabuul dhuftee wal’aansa kana kan argachuu dandeesse. Dr Zalmaayi yeroo wal’aansa kana Zaarkaaf kenne reefu haadha warraa isaa Covid-19 duute awwaalee deebi’uu isaati. ‘’Yeroo na bira dhufte haallishee gaarii hin turre. Funyaanshee miishameera,’’ hakiimichi. Erga qorannoo wal’aansaan duraa taasiseefin booda hanqina dhiigaa illee ijaa qabduuf vaayitaamiinii ajajeefii. Zaarkaan torbee shan booda deebitee dhufteetu gaafa Adoolessa 21 Kaabuulitti wal’aansa ishee argatte. Zaarkaan abbaan warraa ishee nama umrii isheetti argamuufi loon namootaa tiksuun galii akka argatu himti. ‘’Abbaa warraa kootti kan na kaadhime eesuma koo dha. Yeroos xiqqoon ture, umriin koo meeqa akka ture illee hin yaadadhu. Waa’ee gaa’elaa waanin beeku hin jiru turre,namni eeyyama koo gaafates hin turre,’’ jetti. ‘’Geeddaraa gaa’elaa…’’ Waggoota boodadha eesumni ishee obboleettii abbaa warraa ishee tokko fuudhuuf jedhee akka ishee isaaf kenne kan barte. ‘’Eesumni koo gabbara maatii kaffaluu ijaa hin dandeenyeef anaan na gurgurate,’’ jetti. Maatii Afgaanistaan keessa jiran muraasni yoo intala isaanii heerumsiisan maatii dhiiraa irraa qarshii fudhatu. Gochi kun seeraan ala tahus, biyyattii keessa bal’inaan jira. Erga heerumteen booda abbaan warraashee obbolota isaa illee akka dhaanu barte. Maaliif akka tahe garuu hin beektu. ‘’Araada hin qabu,sammuun isaa illee nama fayyaa qabudha,’’ jetti. ‘Lubbuu koof nan sodadha’ Abbaan warraa koo na faana taheetu dubartii biraa fuudhu barbaada ture. Naannichatti Dubartoota tokkoo ol fuudhuun waan baramaadha. ‘’Akka na hin jaalanne fi nama biraa akka fuudhu natti hima. Animmoo fuudhi nan jedhaan,’’ jetti Zaarkaan. Haa tahu malee abbaan warraashee qarshii gahaa gabbara kaffaluuf tahu hin qabu. ‘’Aarii fi soda isaa narratti baha,’’ jetti. Abbaan warraa ishee dhaanuu itti fufnaan baatii Caamsaa keessa maatii itti baqattee abbaan ishee akka isarraa bilisa ishee baasuuf kadhatte. Haa tahu malee abbaan warraa ishee barbaacha ishee mana maatii isheee dhufe. Manaa baddeet deemte malee abbaa warraa ishee hin eeyyamsiisne ture. ‘’Halkan tokko booda mana maatii koo dhufee, albee guddaa qabatee abbaan koo akka deebisee na kennu gaafachaa ture. Abbaan koo akkanni miidhaa narraan hin geenye yoo kakate malee akka na hin kennine itti hime.’’ Mana yoo deebi’u garuu dubbiin cirumaa itti hammaate jetti. ‘’Yoon mana kootti deebi’u ammas ana dhaanee, haaduu natti aggaamee.’’ ‘’Kanaan funyaan kee mura jennaan warra ollaattin baqadhe, warri ollaa yeroof nu araarsani. Mana warra isheettin deebisa jedhee ammas manatti na deebisee jetti. Cabaa fi dhiigni dhangala'u Yaadni manatti ana deebisuun edaa kiyyoo turee jetti. ‘’Lafa biqiltuu jiru tokko keessatti na qabeetu eessatti baqachaa jirta jedhee funyaan narraa mure,’’ jetti Hayyama isaa malee mana warrashee gatii deemteef funyaan irraa akka mure itti hime, kana gochuu na salphiiftee naan jedhe jetti. Erga funyaan ishee mureen booda dhiigni otoo irra yaa’uu ishee dhiisee deeme. ‘’Hafuura baafachuu illee nan dadhabe, baayyee dhiigaan ture,’’ jetti. Ollaan iyya naa birmadhaa ishee dhagahanii dhufan funyaan irraa murame argatan. Hakiima naannoo jiru bira geessinaan funyaan ishee itti deebisuun akka hin danda’amne itti hime. Waamicha haaloo bahuu Zaarkaan ‘lapheen ishee cabe, ‘fokkistuu’ akkan tahetti natti dhagahama jetti. Abbaanshee fi firoonni ishee haaloo bahuuf abbaa warraashee barbaannaan isa argachuu hin dandeenye. ‘’Boodarra poolisiin maatii ishee dursuun abbaa warraashee qabatee mana hidhaa isa galche,’’ Dhiiga fuularra yaa’u Wal’aansa naannoo jiruun funyaan ishee iddootti deebisuun dubbii hin taane ture. ‘’Bifa fi boca kamiyyuu haa qabaatu kan ani barbaadu funyaa qofa dha,’’ jechaa turte Zaarkaan. Fuula Zaarkaa dhiiga uffate namni baayyee argee waan tureef, qalbii Dr Zaalmaayis harkise. Dhimma ishee miidiyaa hawaasummaa irra baasuun wala’aansa isheef kennuu akka barbaadu dubbate. Qondaalota naannoo waliin tahuun gara Kaabuul akka dhuftu gochuun yaalii kana hakiimota kaan waliin taasiseef. Wala’aansa ‘’Jalqaba gidduu funyaan ishee haaduu dhaan murame sanarratti hojjenne,tishuu gogaa naannoo funyaan isheerra jirurraa fudhanneetu deebisnee funyaan isheetti suphine,’’ jedha Dr Zaalmaay. Qoricha qaama hadoochu funyaanuma ishee qofarra kennameef. Zaarkaan wal’aansa koo yoo xumura funyaan koo deebisee akkaan argadhu natti hime hakimichi anis baatii lamaaf kanin barbaadaa ture kanuma jetti. Hakimichi haala ishee hordofaa jira,’’yoo yaaliin olaaanaa barbaachisaa tahe ni kennamaaf, garuu narvii fi dhiigni funyaan keessa yaa’ullee haala gaariirra jira,’’ jedha. Akka hakiimichi jedhutti yaalii akkasii argachuuf doolaara 2000 nama basisa. Dabalataan qoricha doolaara 500 tolaan kenneef. Waan inni gochuu hin dandeenye xiinsammuu ishee deebisuudha. ‘’Yaada mucaa koo…’’ Zaarkaan ammallee ilma ishee maatii abbaa warraashee waliin jiruuf yaaddofti. ‘’Mucaa koo baatii sadiif hin agarre, baayyeen jaaladhaani. Mucaa koo waliin tahuun fedha,’’ jetti. Waan anarra gahe otoo hin argin hafuu isaatti baayyeen gammada. Zaarkaan ilmi ishee maatii abbaa warraa ishee waliin jiraachuu malee eessa akka jiru hin beektu. Isheen galii gatii hin qabneef maatiin abbaa warraa ishee akka mucaa eeganiif seerri eeyyameef. ‘’Baayyeen isa yaada, yoo waa nyaadhullee ija koo dura deema,’’ jetti. Maatiinshee abbaan warraashee ishee miidhaa nurraan gahuu danda’a jechuun sodaataniitu ilma ishee hamabisuufachuu sodaatan. Ta’us kana booda abbaa warraasheetti deebi’uu akka hin barbaanne fi isarraa bilisa bahuu akka feetu himiti. Garuu yoon isa hiike akka mucaa koo akka naa hin kennine beeka, sodaan fi yaaddoon koo isa jetti.

Dataset Card for "XL-Sum"

Dataset Summary

We present XLSum, a comprehensive and diverse dataset comprising 1.35 million professionally annotated article-summary pairs from BBC, extracted using a set of carefully designed heuristics. The dataset covers 45 languages ranging from low to high-resource, for many of which no public dataset is currently available. XL-Sum is highly abstractive, concise, and of high quality, as indicated by human and intrinsic evaluation.

Supported Tasks and Leaderboards

Tasks: Summarization

Leaderboards: ExplainaBoard

Languages

  • amharic
  • arabic
  • azerbaijani
  • bengali
  • burmese
  • chinese_simplified
  • chinese_traditional
  • english
  • french
  • gujarati
  • hausa
  • hindi
  • igbo
  • indonesian
  • japanese
  • kirundi
  • korean
  • kyrgyz
  • marathi
  • nepali
  • oromo
  • pashto
  • persian
  • pidgin
  • portuguese
  • punjabi
  • russian
  • scottish_gaelic
  • serbian_cyrillic
  • serbian_latin
  • sinhala
  • somali
  • spanish
  • swahili
  • tamil
  • telugu
  • thai
  • tigrinya
  • turkish
  • ukrainian
  • urdu
  • uzbek
  • vietnamese
  • welsh
  • yoruba

Dataset Structure

Data Instances

One example from the English dataset is given below in JSON format.

{
  "gem_id": "GEM-xlsum_english-train-1589",
  "url": "https://www.bbc.com/news/technology-17657859",
  "title": "Yahoo files e-book advert system patent applications",
  "summary": "Yahoo has signalled it is investigating e-book adverts as a way to stimulate its earnings.",
  "text": "Yahoo's patents suggest users could weigh the type of ads against the sizes of discount before purchase. It says in two US patent applications that ads for digital book readers have been \"less than optimal\" to date. The filings suggest that users could be offered titles at a variety of prices depending on the ads' prominence They add that the products shown could be determined by the type of book being read, or even the contents of a specific chapter, phrase or word. The paperwork was published by the US Patent and Trademark Office late last week and relates to work carried out at the firm's headquarters in Sunnyvale, California. \"Greater levels of advertising, which may be more valuable to an advertiser and potentially more distracting to an e-book reader, may warrant higher discounts,\" it states. Free books It suggests users could be offered ads as hyperlinks based within the book's text, in-laid text or even \"dynamic content\" such as video. Another idea suggests boxes at the bottom of a page could trail later chapters or quotes saying \"brought to you by Company A\". It adds that the more willing the customer is to see the ads, the greater the potential discount. \"Higher frequencies... may even be great enough to allow the e-book to be obtained for free,\" it states. The authors write that the type of ad could influence the value of the discount, with \"lower class advertising... such as teeth whitener advertisements\" offering a cheaper price than \"high\" or \"middle class\" adverts, for things like pizza. The inventors also suggest that ads could be linked to the mood or emotional state the reader is in as a they progress through a title. For example, they say if characters fall in love or show affection during a chapter, then ads for flowers or entertainment could be triggered. The patents also suggest this could applied to children's books - giving the Tom Hanks animated film Polar Express as an example. It says a scene showing a waiter giving the protagonists hot drinks \"may be an excellent opportunity to show an advertisement for hot cocoa, or a branded chocolate bar\". Another example states: \"If the setting includes young characters, a Coke advertisement could be provided, inviting the reader to enjoy a glass of Coke with his book, and providing a graphic of a cool glass.\" It adds that such targeting could be further enhanced by taking account of previous titles the owner has bought. 'Advertising-free zone' At present, several Amazon and Kobo e-book readers offer full-screen adverts when the device is switched off and show smaller ads on their menu screens, but the main text of the titles remains free of marketing. Yahoo does not currently provide ads to these devices, and a move into the area could boost its shrinking revenues. However, Philip Jones, deputy editor of the Bookseller magazine, said that the internet firm might struggle to get some of its ideas adopted. \"This has been mooted before and was fairly well decried,\" he said. \"Perhaps in a limited context it could work if the merchandise was strongly related to the title and was kept away from the text. \"But readers - particularly parents - like the fact that reading is an advertising-free zone. Authors would also want something to say about ads interrupting their narrative flow.\""
}

When downloading the dataset, the intended language name is required. For instance:

from datasets import load_dataset
ds = load_dataset("GEM/xlsum", "english")

Data Fields

  • gem_id: A string representing the article ID.
  • url: A string representing the article URL.
  • title: A string containing the article title.
  • summary: A string containing the article summary.
  • text : A string containing the article text.

Data Splits

We used a 80%-10%-10% split for all languages with a few exceptions. English was split 93%-3.5%-3.5% for the evaluation set size to resemble that of CNN/DM and XSum; Scottish Gaelic, Kyrgyz and Sinhala had relatively fewer samples, their evaluation sets were increased to 500 samples for more reliable evaluation. Same articles were used for evaluation in the two variants of Chinese and Serbian to prevent data leakage in multilingual training. Individual dataset download links with train-dev-test example counts are given below:

Language ISO 639-1 Code BBC subdomain(s) Train Dev Test Total
Amharic am https://www.bbc.com/amharic 5761 719 719 7199
Arabic ar https://www.bbc.com/arabic 37519 4689 4689 46897
Azerbaijani az https://www.bbc.com/azeri 6478 809 809 8096
Bengali bn https://www.bbc.com/bengali 8102 1012 1012 10126
Burmese my https://www.bbc.com/burmese 4569 570 570 5709
Chinese (Simplified) zh-CN https://www.bbc.com/ukchina/simp, https://www.bbc.com/zhongwen/simp 37362 4670 4670 46702
Chinese (Traditional) zh-TW https://www.bbc.com/ukchina/trad, https://www.bbc.com/zhongwen/trad 37373 4670 4670 46713
English en https://www.bbc.com/english, https://www.bbc.com/sinhala * 306522 11535 11535 329592
French fr https://www.bbc.com/afrique 8697 1086 1086 10869
Gujarati gu https://www.bbc.com/gujarati 9119 1139 1139 11397
Hausa ha https://www.bbc.com/hausa 6418 802 802 8022
Hindi hi https://www.bbc.com/hindi 70778 8847 8847 88472
Igbo ig https://www.bbc.com/igbo 4183 522 522 5227
Indonesian id https://www.bbc.com/indonesia 38242 4780 4780 47802
Japanese ja https://www.bbc.com/japanese 7113 889 889 8891
Kirundi rn https://www.bbc.com/gahuza 5746 718 718 7182
Korean ko https://www.bbc.com/korean 4407 550 550 5507
Kyrgyz ky https://www.bbc.com/kyrgyz 2266 500 500 3266
Marathi mr https://www.bbc.com/marathi 10903 1362 1362 13627
Nepali np https://www.bbc.com/nepali 5808 725 725 7258
Oromo om https://www.bbc.com/afaanoromoo 6063 757 757 7577
Pashto ps https://www.bbc.com/pashto 14353 1794 1794 17941
Persian fa https://www.bbc.com/persian 47251 5906 5906 59063
Pidgin** pcm https://www.bbc.com/pidgin 9208 1151 1151 11510
Portuguese pt https://www.bbc.com/portuguese 57402 7175 7175 71752
Punjabi pa https://www.bbc.com/punjabi 8215 1026 1026 10267
Russian ru https://www.bbc.com/russian, https://www.bbc.com/ukrainian * 62243 7780 7780 77803
Scottish Gaelic gd https://www.bbc.com/naidheachdan 1313 500 500 2313
Serbian (Cyrillic) sr https://www.bbc.com/serbian/cyr 7275 909 909 9093
Serbian (Latin) sr https://www.bbc.com/serbian/lat 7276 909 909 9094
Sinhala si https://www.bbc.com/sinhala 3249 500 500 4249
Somali so https://www.bbc.com/somali 5962 745 745 7452
Spanish es https://www.bbc.com/mundo 38110 4763 4763 47636
Swahili sw https://www.bbc.com/swahili 7898 987 987 9872
Tamil ta https://www.bbc.com/tamil 16222 2027 2027 20276
Telugu te https://www.bbc.com/telugu 10421 1302 1302 13025
Thai th https://www.bbc.com/thai 6616 826 826 8268
Tigrinya ti https://www.bbc.com/tigrinya 5451 681 681 6813
Turkish tr https://www.bbc.com/turkce 27176 3397 3397 33970
Ukrainian uk https://www.bbc.com/ukrainian 43201 5399 5399 53999
Urdu ur https://www.bbc.com/urdu 67665 8458 8458 84581
Uzbek uz https://www.bbc.com/uzbek 4728 590 590 5908
Vietnamese vi https://www.bbc.com/vietnamese 32111 4013 4013 40137
Welsh cy https://www.bbc.com/cymrufyw 9732 1216 1216 12164
Yoruba yo https://www.bbc.com/yoruba 6350 793 793 7936

* A lot of articles in BBC Sinhala and BBC Ukrainian were written in English and Russian respectively. They were identified using Fasttext and moved accordingly.

** West African Pidgin English

Dataset Creation

Curation Rationale

State-of-the-art text summarization models are heavily data-driven, i.e., a large number of article-summary pairs are required to train them effectively. As a result, abstractive summarization has centered around the English language, as most large abstractive summarization datasets are available in English only. Though there have been some recent efforts for curating multilingual abstractive summarization datasets, they are limited in terms of the number of languages covered, the number of training samples, or both. To this end, we curate XL-Sum, a large-scale abstractive summarization dataset of 1.35 million news articles from 45 languages crawled from the British Broadcasting Corporation website.

Source Data

BBC News

Initial Data Collection and Normalization

We designed a crawler to recursively crawl pages starting from the homepage by visiting different article links present in each page visited. We were able to take advantage of the fact that all BBC sites have somewhat similar structures, and were able to scrape articles from all sites. We discarded pages with no textual contents (mostly pages consisting of multimedia contents) before further processing. We designed a number of heuristics to make the extraction effective by carefully examining the HTML structures of the crawled pages:

  1. The desired summary must be present within the beginning two paragraphs of an article.
  2. The summary paragraph must have some portion of texts in bold format.
  3. The summary paragraph may contain some hyperlinks that may not be bold. The proportion of bold texts and hyperlinked texts to the total length of the paragraph in consideration must be at least 95%.
  4. All texts except the summary and the headline must be included in the input text (including image captions).
  5. The input text must be at least twice as large as the summary.

Who are the source language producers?

BBC News Editorial Team

Annotations

Annotation process

BBC typically provides a summary of a whole article in the form of a bold paragraph containing one or two sentences at the beginning of each article. These summaries are written professionally by the authors of the articles in order to convey its main story within one small paragraph. This is in contrast to the headline which serves to draw the attention of viewers into reading the article. We used the bold texts as summary and the rest of the article as input.

Who are the annotators?

BBC News Editorial Team

Personal and Sensitive Information

Meta-information like author names are discarded. However, we cannot guarantee removal of all personal information.

Considerations for Using the Data

Social Impact of Dataset

We believe that our efforts in this work will encourage the community to push the boundaries of abstractive text summarization beyond the English language, especially for low and mid-resource languages, bringing technological advances to communities of these languages that have been traditionally under-served.

Discussion of Biases

Human evaluation showed most languages had a high percentage of good summaries in the upper nineties, almost none of the summaries contained any conflicting information, while about one-third on average had information that was not directly inferrable from the source article.

Other Known Limitations

The dataset is limited to news domain only.

Additional Information

Dataset Curators

Authors of this paper

Licensing Information

Contents of this repository are restricted to only non-commercial research purposes under the Creative Commons Attribution-NonCommercial-ShareAlike 4.0 International License (CC BY-NC-SA 4.0). Copyright of the dataset contents belongs to the original copyright holders.

Citation Information

If you use any of the datasets, models or code modules, please cite the following paper:

@inproceedings{hasan-etal-2021-xl,
    title = "{XL}-Sum: Large-Scale Multilingual Abstractive Summarization for 44 Languages",
    author = "Hasan, Tahmid  and
      Bhattacharjee, Abhik  and
      Islam, Md. Saiful  and
      Mubasshir, Kazi  and
      Li, Yuan-Fang  and
      Kang, Yong-Bin  and
      Rahman, M. Sohel  and
      Shahriyar, Rifat",
    booktitle = "Findings of the Association for Computational Linguistics: ACL-IJCNLP 2021",
    month = aug,
    year = "2021",
    address = "Online",
    publisher = "Association for Computational Linguistics",
    url = "https://aclanthology.org/2021.findings-acl.413",
    pages = "4693--4703",
}

Contributions

Thanks to @abhik1505040 and @Tahmid for adding this dataset.

Models trained or fine-tuned on GEM/xlsum

None yet