id
stringlengths
8
17
url
stringlengths
40
49
title
stringlengths
21
147
summary
stringlengths
21
777
text
stringlengths
264
23.2k
oduu-48741983
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48741983
Abbaan Alangaa Naannoo Amaaraa du'an
Haleellaa Sanbata darbe Bahirdaaritti raawwatameen, kanneen rasaasaan rukutamanii waldhaansarra turan keessaa tokko kan ta'an Abbaan Alaangaa Waliigalaa Naannoo Amaaraa obbo Migbaaruu Kebbedee du'an.
Sanbata darbe magaala guddoo Naannoo Amaaraa Bahiirdaaritti ''yaalii fonqolcha mootummaan'' madaawuun waldhaansarra kan turan obbo Migbaaruun, ganama kana boqochuu Teleevizyiinii Naannoo Amaaraatu beeksise. Janaraal Asaaminew Tsiggee eessa jiru? Waa'ee ''yaalii fonqolchaa'' fi ajjeechaa hanga ammaatti maal beekna? ''Yaalii fonqolcha mootummaa'' kanaan walqabatee aangawootni olaanoon mootummaa ajjeefaman shan ta'aniiru. Aangawoonni ajjeefaman: -Janaraal Se'aaree Mekonnin - Hoogganaa Waraanaa biyyattii. -Janaraal Gazaa'ii Abarraa- Hoogganaa waraanaa gameessa. - Dr. Ambacheew Mekonniin- Pireezidantii Naannoo Amhaaraa. -Obbo Izeez Waase- Gorsaa olaanaa preezidaantii naannoo Amhaaraa ta'u ibsaniiru.
oduu-42007424
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42007424
Itoophiyaa keessatti bakka buuteen isaanii kan dhabame Profeesarri lammii Jarman hanga ammaatti faanni isaanii hinargamne
Yunivarsitii Finfinnee damee arkitekchara, ijaarsaa fi misooma magaalaa keessa barsiisaa fi qorataa kan ta'an profeesarri lammii Jarman Dark Doonaaz erga dhabamanii ji'a tokkoof guyyoota 17 ta'eera. Akkaataan badiisa isaanii hanga yoonaatti iccitii wayita ta'u, bakka isaan jiran ilaallatee wanti dhagahame hinjiru.
Hiriyoota isaanii fi namoota waliin hojjetan ta'uun gara paarkii biyyooleessaa Omoo fi Maagoo daawwii fi oggummaa uummata naannoon ijaarsa godhamuu irratti qorannoo geggeessuuf akka deeman mucaan isaanii Moortiiz Luus BBC'f kan ibsite. Ka'umsa isaanii naannoo Laga Awaash godhachuun karaa bahaa Nyaangaatoom achiis gara naannoo Miguluu, isa boodas gara Kibba Maagootti deemaa turan. ''Paarkiin Maagoo daawwatoota hedduun kan daawwatamuu wayita ta'u kan isaan dhaqanis karaa Kaabaati'' jechuun hiriyaan isaanii ni dubbatu. Paarkiin naannoo kibba biyyattitti argamu kun Finfinnee irraa km 782 fagaata. Paarkii kana karaa kibbaa galuun kan hin amaleeffatamiin haa ta'u malee, wayita kallatti Miguuluu irraa dhufan karaa sana galama. Utuma deemaniis gara bosona guddaa fi karaa itti konkoolaataan irra deemu hinqabne gahan. Hiriyaan isaanii akka jedhanitti waggaa 7 dura achirra darbanii kan beekan ta'ullee, waggaa sadi as garuu konkolaataan karaa sanarra deemee hinbeeku. Mooritz akka jedhanitti karaan konkoolaataaf qophaa'ees hinjiru waan ta'eef karaa hinsirreeffamin kanarra deemsa itti fufan. Keessattuu guyyaa sanatti hurriin waan tureef haalla qilleensichaa irra caalaa rakkisaa godhee akka ture dubbatu. Daandiichis bosona walxaxaa keessa gahuu isaa irra kan ka'e bakka jirru baruun waan nu dadhabsiiseef profeesar Dark konkoolaata keessa bu'uun naannicha xiinxaluu akka jalqaban hiriyaan isaani kun dubbatu. Naannoo daqiiqaa 10'f boosana keessa galuun daandii agarsiisuuf yaalaa turani. Daqiiqoota hedduuf garuu utuu hindeebi'in waan hafaniif haala kanaan kan nahan hiriyoonni isaanii faanaa isaanii hordofuun sakkatta'uu jalqaban. Moobaayila isaanii fi GPS (meeshaa kallatti jiran agarsiisu) konkoolaata keessatti dhiisanii waan bu'aniif xuruumbaa konkoolaataa iyyisiisnuyyu homaa hin gargaarre. Bakki sun bosona baay'ee walxaxaa waan tureef sagaleen keenyas ta'e kan konkoolaata meetera 50 caalaa fagaatee deemuu hindanda'u. Ni dhufu jechuun ifaa ibsuun muka irratti fannifne halkan guutuu eegaa bulle. Itti daballees bilbila saatalayitii yeroo muddamaa dhabbata Jarman kan ta'e GIZ'tti goone. Borumtii isaas angaawoonni naannoo sana barbaacha irratti kan bobba'an wayita ta'u guyyoota itti aanuttis ministeerri dantaa alaa fi raayyaan waraana biyyattii haala cimaan barbaacha isaanii irra guyyaa 10'f kan turan ta'ullee faanni isaani argamuu hindandeenye. Itti dabaluunis saree fi helekooptara fayyadamuunis akka barbaachi geggeeffame dubbatu. Obbolleettii fi ijoolleen isaaniis gara Itoophiyaa dhufuun barbaacha godhaa turaniiru. Naannoo sana sirritti akka beekan fi waggoota heedduuf biyyoota adda addaa keessa deemaa kan turan ta'uu isaani kan dubbatan obbo Moortiiz, lubbuun akka jiru nan amana jedhaniiru. Tarii bishaan barbaacha gara laga Maagootti gad bu'uu danda'a, nama akka salphaatti naannoo fi haala ciccimoo keessa darbuu danda'u ta'eef tari yoona araddaa tokkotti siquun namoota bira buufatee jiraachuu mala jechuunis dubbataniiru. Suuraa proofeesara kanaa baay'isuun naannoo jiran sanatti kan bittimmaa'ee wayita ta'u, nama isaan argee gabaasees badhaasa birrii kuma 25 akka argatu dubbataniiru. Profeesar Dark eenyu? Namni waggaa 56 ta'an proofeesar Daark erga teessoo isaanii Finfinne godhatanii waggoota sagal lakkofsisaniiru. Damee arkitektii, ijaarsaa fi misooma magaalaa Yuniversitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa ta'uun kan turan wayita ta'u waggoota dheeraafis Jarmanitti kan argamu Yunivarsitii Baawuhaawus keessas barsiisaa turani. Dabalataanis Yuniversitii Baawuhaawus mootummaan Itoophiyaa waliin ta'uun magaaloota haaraa hojjetaman 8000f ''Integrated Infrastructure'' projektii jedhamu jalatti dizaayina magaalaa fi manneenii hojjechaa turani. Akkasumas Yuniversitii Finfinnee waliin ta'uun, rakkoo mana jireenyaa hammaataa dhufeef furmaata akka ta'uuf, teknoolojii fi meeshaalee addaa addaatti fayyadamuun mana mi'aa hinta'iniifi naannoo kan hin faalle hojjechuu akka danda'amu irratti qorannoo geggeessaa turan. Namni kun ogummaa arkitekcharaa fi saayinsii kompiteraatiin sadarkaa profeesaraarra kan gahaniidha.
oduu-46313459
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46313459
Ganda Sudaan kittaannaa dubartootaa hambiste
Sudaan keessatti gandi tokko kittaannaa dubartootaa guutummaattii hambisuu dandeesse taateetti.
Duula kittaannaa dubartootaa hambisuu Adeemsi kittaannaa dubartootaa hambisuu gandichaa kan eegale waggaa 30 dura maatiin tokko dubartoota kittaanuus, kittaansisuus lakki jedhee wayita didu ture. Yaadni maatii kanaa gara ollaatti ce'ee, boodas gandi guutuun dubartoota kittaanuun aadaa boodatti hafaadha jedhee lagate. Amma ganda kanatti Kittaannaan waan irratti maraiyatamullee miti. Dhaqna-qabaa akka maleen shamarran 50 hospitaala galan Namichi Wallaggatti 'du'anii ka'an' maal dubbatu? Kutaa biyyattii keessatti dubartootni harki caalaan kan kittaanaman yoo ta'u, mootummaan Sudaan garuu bara 2030tti biyya guutuu keessaa kittaanaa dubartootaa hambisuuf hojjechaa jira. Mootummaan UK Afrikaa keessattti kittaannaa dubartootaa hambisuu deeggaruuf jecha deeggarsa maallaqaa doolaara miiliyoona 64 ramadera. Kana keessaa Sudaan karoora bara 2030tti qabatte milkessuuf paawundii miiliyoona 15 argatti. Deeggarsi maallaqaa UK kun inveestimeentii guddaa duula Kittaannaa dubartootaa hambisuurratti xiyyeefate isa guddaadha jedhameera. Dubartii 'jaalallee ishee ajjeeste foonsaan nyaata qopheessite' Namichi Wallaggatti 'du'anii ka'an' maal dubbatu? ActionAid dhibbaa dubartootarra gahu hambisuuf kittaannaa diubartootaarratti xiyyeefachuun qofti gahaa miti jedha. Deeggarsi kun Proojektii Saleema kan Sudaan keessatti dubartoota hin kittaanamne jajjabeessuun yaada hawaasa jijjiirsisuurratti kaayyafate deeggaras jedhameera.
oduu-42942573
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42942573
Yaaddoon kaansarii dabalaa jira
Waggoota 14'n darbaniif maqaa ilma isaaniin kan hundeessan karaa 'Waldaa Kaansarii Itoophiyaa Maatiwoos Wanduu' dhukkubsattoota kansariif kunuunsaa gochuufi waa'ee dhukkuba kaansarii hubannoo kennuukan turan Obbo Wanduu Baqqalaa duuti ilma isaanii kallattii jireenya isaanii jijjiiruu dubbatu.
Maatiwoos ilma osoo hin eegamiin bara dullumaa keessa argatan akka ta'e kan dubbatan obbo Wanduun, "dhalachuun isaa hedduu jireenya keenya jijjiiree ture," jedhu. Dhalatee ganna lamatti dhukkubsate gara mana yaalaa yoo geessan, kaansarii dhiigaa akka qabu itti himamee hospitaala Xiqur Ambassaatti yaala eegaluu isaa dubbatu. Qorichi dhukkubichaa biyya keessa wan hin jirreef biyya alaa fichisiisaa turuu dubbatu. Baatilee muraasa keessatti fayya jedhanii osoo eegaa jiranii, itti cimee sadarkaa biyya keessatti wal'aanuun hin danda'amne irra waan gaheef "biyya alaa geessaa yaalchisaa jedhamuu isaanii" himu. Yaalaa Keemooteeraappii jedhamuun daran laafee waan tureef xiyyaara koruu hin dandeenye jedhu. "Maatiin yaala fooyyee argachuu osoo danda'uu waan biyya keessa hin jirreef osoo ijji keenya arguu lubbuun isaa dabarte," jedhu. Dhibeen isaa ulfaataa akka ture kan dubbatan Obbo Wanduun, ilmi isaanii afaaniin dhiiga tufaa akka ture dubbatu. Abdii kutuu isaaniirraa kan ka'e, "yeroon of ajjeesuuf yaade jira" jedhu Obbo Wanduun. Waggoota kudhan booda, yaaliin dhukkuba kaansarii biyyattii foyyee agarsiisuu kan dubbatan Obbo Wanduun, akka biyyaatti mootummaan karoora to'annoo kaansarii baasee hojjechaa jiraachuu, akkasumas magaalota gurguddoo akka Jimmaa, Gondar fi Maqalee keessatti jiddugalli kaansarii gurguddaan ijaaramaa jiraachuu himu. Kunis ta'ee qorichi gahaa fi ogeeyyii hanga barbaadamu waan hin jirreef hanqinni jiraachuu dubbatu. Hojii amma hojjetaa jiranitti gammadoo ta'uufi "yeroo nama gargaarre akka ilma gargaarre yookan yaadaan ilm keenyatti kaloofne nutti dhagaahama," jedhu. Kaansarii Itoophiyaa keessatti Akka ragaan ministeera fayyaa agarsiisutti dhukkubni kaansarii dhukkuba daddarboo hin taane namoota hedduu du'aaf saaxilan afran keessaa isa tokko. Galmeen waan hin jirreef lakkoofsa dhukkubsattoota kaansari Itoophiyaa keessa jiranii baruun rakkisaadha jedhu, hospitaala Xiqur Ambassaatti ispeeshaaliistiin kaansarii Dr. Maatiwoos Asaffaa. Galmee Finfinnee keessatti taasifameen waggaatti dhukkubsattoonni haaraa 8500 akka dhufaniifi kanneen keessaa harki 2/3ffaa dubartoota ta'uu dubbatu Dr. Maatewoos. Gosti dhukkuba kaansarii heddumminaan dubartoota miidhu kaansarii harmaa yoo ta'u, kan fiixee gadameessaafi kan mar'umaanii sadarkaa lammataafi sadaffaarra jiraachuu dubbatu. Dhiirota irratti ammoo sadarkaa duraa irratti kaansarii mar'umaanii yoo ta'u itti aansuun kaansarii Piroosteetii ta'uu himu Dr. Maatiwoos. Dulluma, haala jireenyaa rakkisaa, haala nyaataa, tamboo haarsuu, dhugaatii aalkoolii dhuguu akkasumas infeekshiniifi vaayirasiiwwan garagaraa dhukkuba kaansariif nama saaxiluu danda'u jedhu Dr. Maatiwoos Kaansarii ittisuuf tarkaanfiin jalqabaa osoo hin qabamiin dura wantoota dhukkubichaaf nama saaxilan irraa fagaachuu yookan 'dursanii ittisuu' ta'uu kan dubbatan Dr. Maatiwoos erga qabamanii booda, osoo sadarkaa cimaatti hin ce'iin qorannoo gochuufi yaalamuu gorsu. Erga sadarkaa cimaarra gahee booda baqaqsanii yaaluu, keemooteeraappii fi yaaliiwwan rakkisoo ta'an biroon jiraachuus ni dubbatu.
oduu-49000826
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49000826
Muftii Haji Umar Idiriis: 'Kabaja kana hin eegne ture, wallaahii nan boo'e'
Muftii Haji Umar Idiriis Sambata darbe Yunivarsiitiin Finfinnee eebba barattootaa galma barkumaa qophaa'e irratti Doktora Kabajaa kenneefi jira.
Muftii Haji Umar Idiriis MM Abiy Ahimad harkaa Doktora Kabajaa yeroo fudhatan Kabaja isaaniif kenname kana ilaalchifnee gaaffiifi deebiin isaan waliin taasine akka itti aanutti isiniif dhiyaateera. BBC: Hajii baga gammaddan! Akka kabajni kun isiniif kennamu ni beektu turee? Yoom ture kan dhageessan? Wallaahi.. quba hin qabu. Kamisa ganama ture Kabajamoon Kantiibaan Itti-aanaa bilbilaan kan natti himan. 'Sanbata wanta akkasiitu jira waan ta'eef akka nuuf dhuftan' jechuun ture Kantiibaan Itti-aanaa kan bilbilaan natti himan. Ani baayyeen na'e. Kanan eeges, shakkees waan hin turreef baay'isee ana ajaa'ibe. Wanti sidhibu nan boo'e …Wallaahi nan boo'e. BBC: Maaliif kan badhaafamtan isinitti fakkaata? Badhaasni/kabaja kana naaf kennuun bu'aa dhamaatii natti fakkaata. Egaa ergan gara Finfinnee dhufee ganna 54 guuteera. Osoon as hin dhufin duras quraana qara'aa (barataa) fi qaraasisaa (barsiisaa) tureera. Walumaa galatti, tajaajilan kennaa ture waggoota 70 ni ta'a. Guyyaa tokkollee ijoolleekoofi ykn mataakoof jedhee hin beeku. Guutummaa biyyattiirran naanna'a. Guutummaa Itoophiyaa irratti 'Fatiwaa' taasisaan ture. Waggaa 11 dura immoo hordoftoota amantaa Islaamaa gidduu tokkummaan akka jiraatu hojjechuu eegalle. Boodarra, namoonni kanaan hin gammanne dhiisi jedhan. Ittan dhiise. Allaah immoo yeroo isaa eegee Kabajamoo MM Abiy Ahimadidha gara tokkummaa akka deemnu kan taasisan. Sanas ta'e kana, bu'uurri badhaasa/beekamtii kanaa akka natti fakkaatutti tokkoffaan: nagaafi tokkummaan Musliimaafi Kiristaana gidduutti waanan barbaaduufi kana irratti dhama'uukooti. Lamaffaa ammoo, Mootummaafi hawaasa Musliimaa gidduutti nagaa walitti dhiyeessu barbaaduukoo; sadaffaa ammoo Musliimaafi Musliima gidduutti walmormuufi waldhiiksuu dhiisanii akka tokko ta'aniif waggoota 40f dhama'uukoo natti fakkaata. Wanti guddaan egaa kana natti fakkaata. Walumaa galatti barsiisuu dabalatee tajaajila gara garaa ani kennaa ture hedduudha. Quraanas akkasuma gosa lamaafi sadiitiin hiikeera. Kitaabota biroos hedduu kanan hike ni jiru. Kan biroo Afaan Arabaatiin ammoo du'aa (kadhaa) ilaalchisee leellisuu ilaalchisee kitaabota 80 kan ta'an Afaan Amaaraan maxxansiiseera. Egaa guutummaa jireenyakoo kanan dabarse uummata walitti fiduudha. Ammas Dr. Abiy walitti qabaa koree tokkummaa gochuudhaan akkan hojjedhu na taasiseera. Osoo kun hin hojjetamne ta'ee dhiiga waldhangalaasuun guddaan uumamee Musliimni rakkoo guddaarra bu'a kan jedhu shakkii keenya ture. Alamdulilaah tokkummaan nuuf milkaa'eera. Allaahin dhuma namaaf bareechinaan akkasidha. Walumaa galatti, waa'ee dhimma Musliimaas ta'e kan Kiristaanaa, dhimma mootummaas ta'e kan ummataa dhamaatiin taasiseefi hedduu itti dhiphadheef natti fakkaata kanan badhaafameef. Ani kun ni ta'a jedhee kanan yaade hin qabu. Mootummaanis kana itti yaada jedhee kan ija dura na bu'es hin jiru. Abbaa amantaa tokkoof badhaasaafi beekkamtii akkasii sadarkaa kanatti kennuun akka biyya keenya Itoophiyaatti qofaa osoo hin taane bakka biraattiyyuu waan guddaadha. Biyya keenya keessatti keessumaa kan jalqabaadha; argamees, dhaga'amees hin beeku. Warra Kiristaanotaafillee ta'ee hin beeku, Musliimaaf haa turuu. Kan gammadu ana qofa osoo hin taane, Musliima maratu gammaduu qaba. Warreen lubbuudhaan jiran qofa osoo hin taane bu'aa abbootii qabsaa'anii darbanidha jedheen yaada. BBC: Musliimota qofa osoo hin taane hordoftoonni amantaa biraallee akka abbaa amantaa tokkootti miira gaarii isiniif qabu, namoonni kana isinitti ni himuu? Kana ni beektuu? Nan beeka; har'a qofa osoo hin taane duraanuu yeroo Majiliisni jiru yeroo abbootii amantaa waliin walga'ii qabaannutti, yeroo mariyanutti barreessanii naaf kennu. Isin haasaan keessan warqeedha naan jedhu. Lamaffaa ammoo isin waa'ee amantaa qofo, waa'ee masgiidaa qofa osoo hin taane isin waa'ee waliigalaa dhimmoota Musliimaa, kan Kiristaanaas waan dubbattaniif haasaan keessan gaariidha naan jedhu. 'Musliimonni gaggeessaa gaarii qabu jechuudhaan,' yeroo hunda barreessanii naaf kennu. Waan amma ta'e kanaan ammoo Musliima caalaa Kiristaannillee gammadeera. Bakkan deemu maratti isin waliin suura kaanu malee naan jedhu; umurii dheeraadhaa namni naan hin jenne hin jiru. Anis Musliimaafi Kiristaana adda hin baasu. Garaa garummaa sabummaafi amantaa hin beeku. Hiyyeessa, sooressa hin jedhu. Kan barate, kan hin baranne hin jedhu. Amantaankoofi ilaalchikoo walqixxummaa irratti kan hundaa'e waan ta'eef bu'aa kanadha kanan badhaafame. Anaaf jaalalli namaa humnakootiin olidha. Kana baayyiseen galateeffadha. BBC: Umuriin keessan meeqa ta'a Hajii? Amma waggaa 85ffaa jalqabuunkoo hin oolu akka natti fakkaatutti. BBC: Abiy dhufuu waliin abdiin hedduun turan. Karaa biraan ammoo walitti bu'insi sabaafi amantaa irratti hundaa'e waan yaddoo ta'aa jiruuf, isin umurii keessanitti wanti akkasii ni dhufa jettanii yaaddanii beektuu? Bara mootichaa qarqaraa hanga qarqaraatti Itoophiyaa keessa nagaan tureera. Bara Dargii keessa ammoo dhumaatii sanaafi qormaata ture sana argineerra. Bara ADWUI kana keessas kan arginu argineerra. Yeroo ammaa kana ammoo akka ilaalcha kootiitti gaariidha. Ani nama hin hojjetiin galateeffachuu hin beeku. Yeroo Dr. Abiy filataman buleesaa yeroo na gaafatan, 'ammaan jajee booda waanan komachuu hin barbaanneef, maaloo ji'a ja'a naaf kennaaan' jedhe. Kanaaf, gaggeessaan amma jiran kun ilaalchi isaanii tokkummaa, nagaa, misoomaafi guddina waan ta'eef kan nama ajaa'ibudha. Waan dhageenyeefi arginee hinbeeknedha. Manni warra humna hin qabneefi rakkatoo ta'anii Dr. Abiyyiifi Kaantiibaa Itti-aanaa keenyaan hojjetamaaf jiraam. Manneen maanguddootaafi haadha hiyyeessaa ijaaramaaf jiraam. Qaamni rakkoon uuma jedhu yoo jiraatellee amma waan milkaa'uuf natti hin fakkaatu. Shakkiis hin qabu. Namni sammuu jalqabbii bareedaa ta'e kana hin fudhanne jira jedhee hin yaadu. Yeroo hundaa biyyi keenya ni guddatti, ni misoomti, tokkummaan keenya ni jabaata yaada jedhun qaba malee ani biyyi ni diigamtee rakkoon ni uumama hin jedhu. Yeroo Ramadaanaatti Musliimota gidduu nagaan dhabaminnaa jedhanii namoonni shakkaa turan; Allaahaan garuu nagaan nu ofkalcheera. Yaadnikoofi ilaalchi kan koo kanumadha. Kan kanarraa hafe ammoo isa mootii hundumaa ta'etu beeka. Allaah isa rakkoo uumu akka gara nagaatti deebisu, inni aangoo barbaadus karaa hin malleen aangoo akka hin barbaadneef Allaah ni kadhanna, du'aayis ni goona. BBC: Barnoota kan idilee hangam barattaniittu? Barnoota idilee hin qabu. Nuti bara sanatti 'Haa, Huu' jennee barachuu beektota amantaa keenya biratti akka 'Kaafiraa' (waan amantaan ala ta'e tokkootti ) fudhanna ture. Nudha erga gara magaalaatti gallee Daraasaallee baradhaa kan jenne. Yeroo sanatti nama barate dubartiin ykn aangoodhaan sossobanii akka inni 'Kaafira' ta'u (amantaa isaa gatu) taasisu jedhamee Ulamaa Walloorraa akeekkachiifni ni kennama ture. Kanaaf, ani barnoota amantaa malee, kan idilee (kan biyya lafaa ) hin qabu. Haata'u malee, warri barnoota idilee baratan kan barreessanii fidan sirreessuu nan danda'a. Kun amantiifi kennaa uumamaadha natti fakkaata. BBC: Namoonni baayyee Walloo irraa Yunivarsiitii Al'aazihaar deemanii baratu ture. Isin akkamitti hin deemne? Al'aazihaar hin deemne. Wallootti qofan baradhe. Barnoota amantii fi immoo Al'aazihaar deemuun maqaafi digrii yoo tahe malee barnootaan kan akka 'Ulaamaa' biyya keenyaa addunyaarra iyyuu hin jiru. Beekumsa gad fagoo kan qaban ulaamaawwan biyya keenyaati. Garuu, gara magaalaa hin galle, aangoofi hoggansaatti hin dhufne. Kitaabas hin barreessineef malee hanga Ulaamaawwan biyya keenyaa gahu hin jiru. Isin barataa abbaa amantii beekamoo Hajii Mohammad Saani Habiib dha? Eeyyee isaan biratti 'Hadiisa' akkaan qara'u fi 'Fiquun'(Seera amantii) 'Niwuun'(xiin-qooqqoo) qoradhee sheeka akkaan tahuufi kan na ergan. Allaah isaaniin as fide, animmoo isaaniin jedheen as dhufe. Asitti ummatni na qabate. Asumattin hafe, isaanis asumatti hafan. BBC: Barattoota ogummaa garaagaraan eebbifamaniif galma bar-kumeetti haasaa taasifataniittu. Isin barnoota kam jaalatttu? (Kolfa) Ani kana sana hin jedhu. Hunduu barbaachisaa dha. Bulchiinsa yoo ilaalte, isa malee hin tahu. Diinagdees yoo ilaalte ogeessi diinagdee yoo hin jiraanne hin tahu.Kanaaf beekumsi kamiyyuu barbaachisaa dha. Osoon baradhee jiraadhe garuu Ikonomiksiin baradha ture. Osoo sheeka ta'u baadhe daldalaan ta'a ture. BBC: Eessa jiraattu amma? Finfinnee Haannaa Maariyam, bakka Hayilee Gaarmant jedhamun jiraadha. Iddoo kana ergan dhufee waggaa 3 guuteera. Isa dura markaatoon jiraadha ture. BBC: Ijoollee meeqa godhattanii? 11 turani. Tokko boqoteera. Amma 10 jiru. BBC: Gara Walloorra dhuftan natti fakkaata, achittimmoo aadaan muslimoonni fi Kiristaanonni wal danda'uu, waljaalalaan waliin jiraachuutu jira. Kutaalee biyyatti biroon maal irraa baratu? Wallaahi amma jirrutti wallotti haasaan sabummaa hin jiru. Lammaffaa garaagarummaan amantii hin jiru, dargaggoonni misirroonuu waliin cidha dhaabbatu. gargaagarummaa hin beeknu. Muslimni bataskaana yoo dhaqe ni hirphama, kiristanniis yoo Masjida dhaqe akkasuma. Barnoota hafuuraa kanneen hordofaniif qalanii, (Sadaqaa) deeggarsi taasifamaaf kuni Wallootti. Goojjam magaalaa Lomaane jedhamutti eebba majiidaa dhaqe abaluun hammana gargaraasa kenne erga jedhamee booda xumura irratti 'Bataskaanni Maaramii kuma 300 deeggarteetti'' jedhani kan dhiheessani. Ummanni keenya kana. Namoota siyaasaatu gargar baase malee ummanni keenya qoqqooddaa sabaafi amantii hin beeku. Inni amantiidhaan waldhaban kuni waan amma dhufedha. Wanta akkanaa garaa ummata keessaa baasuutu barbaachisa. Aangawoonni aangoo isaaniif jecha ummata irratti summii facaasani malee ummanni Itoophiyaa akkana hin turre.
oduu-42568990
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42568990
Hidhamtoota siyaasaa hiikuuf murteessuun maal hima?
Hoggantoonni paartiilee miseensoota ADWUI Roobii kalleessa midiyaalee murtaawoof wayita ibsa kenanitti namoota siyaasaa fi kanneen biroo dhimmi isaanii ilaalamaa jirus ta'e murtoon itti kenname gadi dhiisuufi jiddugala qorannoo yakkaa Maa'ikalaawii jedhamu cufuuf murteessuu isaanii beeksisanii jiru.
Hooggantoonni paartilee Afraan ADWUI walgahii torbee lamaa ol turee booda murteewwan jajjaboo waliin dabrasaniiru. Yeroo biroo irraa haala adda ta'een walitti aansuun suuraalee fi murtee kana fuula midiyaalee hawaasaa irratti gad dhisaa kan ture waajjirri ministira muummee akaataan dhimma kana itti ibsaa ture garuu shakkiin akka jiraatu godheera. Jalqaba irrattiis ''Hidhamtoonni siyaasaa addaa addaa kan dhimmi isaanii abbaa alangaan qabamee mana hidhaatti argaman, waligaltee biyyummaa gaarii uumuufi akkasumas dirree dimookraasii bal'isuuf yaaduun himanni isaanii addaan citee gad akka dhifaman murtaa'eera," kan jedhu ture. Kana booda garu yeroo torba jechoota jijjiiruufi itti-dabaluun fooyyessuf yaaliin tasiifameera. Yeroo torbaffaaf fooya'ee isa bahe irratti ''sababa yakka hojjetaniin kan itti murtaa'eefi yakka hojjechuun shakkamanii kan hidhamanii fi dhimmi isaanii harka abba alangaatti kan argamu miseensoota dhaabilee siyaasaa addaa addaa fi namoonni dhuunfaa dabalatee, waligaltee biyyuumaa wayyaa'aa uumuufi dirree dimookraasii jiru bal'isuuf yaaduun himanni isaanii addaan cite yookaan dhiifama seeraa fi heerri biyyattii hayyamuun dhimmi isaanii siritti adda bahee hiikamu,'' jechuun barreefameera. Murteen kun Oromoof maal jechuu dha? Sirna mootummaa kana jalatti sabni yaada siyaasaa faallaa mootummaa qabaachuu isaatiin ajjeechaa fi dararaaf saaxilamee fi manneen hidhaa keessa hedduminaan jiru saba Oromooti, kun dhugaa ala jiru dha kan jedhan Yuniversitii Kiilitti baarsiisaa seeraa kan ta'an Dr. Awwal Qaasiim Aloo murtee kanaan eenyumaa ol kan fayyadamus uummata Oroomooti jedhu. Mootummaan halkan tokkoon fedhasaan murtee kanarra hin geenye kan jedhan Dr. Awwal murteen kun bu'aa qabsoo uummata Oromoo ta'uus dubbatu. ''Jalqaba sochiin uummanni keenya waggoota hedduuf gochaa ture mootummaa naannoo Oromiyaa OPDO jijjiiruu danda'e jira. OPDOn Jijjiirame ammoo deeggarsa uummataatti fayyadamuun ADWUI keessaatti jijjiirama fiduu danda'eera. Paartiin uummata amaaraa bakka bu'us hangam akka ta'e beekamuu baatus yaada OPDO deeggaruun dhiibbaa uumeera waan jedhutu jira.'' Jechuunis haalota murtee ammaaf sababa ta'an himaniiru Dr. Awwal. Murteewwan kunniin biyyittii dimookraatessuuf tarkaanfii gaariidha kan jedhan Dr. Awwal, ammas siyaasa biyyattii keessatti qaamni aangoo olaanaa qabu Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay waan ta'eef kan hidhus kan hiikus isaanii. Mootummaan naannoo Oromiyaas uummannis walii tumsuun murteewwan kunniin akka hojiirra oolaniifii gaafileen uummata Oromoo hedduun hafan akka deebi'an qabsoo nagaa itti fufuu qabus jedhan. ''Namoonni baayyeen murtee kana shaakkaa jiru shakkuun kuni sirrii dha. Amalli mootummaa kanaa waggoota 25 kan muli'su amanuu akka hin qabnee dha... mootummaan naannoo Oromiyaas wantoota jijijjiiran adda addaa argaa jira. Wantoota hojjetan kanaaf uummanni deeggaruu qaba, humna ta'uufi qaba humna biraa wajjin wal falmaa jiru waan ta'eef'' jedhu Dr. Awwal. Jalqabbii gaarii Dr. Awwal haalli ibsa kanaa gaarii fi kan jajjabeefamuudhaa jedhu. Haa ta'u malee gaafii uumataafi akka deebii waligalaatti utuu hinta'in tarkaanfilee fudhatamuu qaban keessa akka isaa tokkootti yoo fudhatameef gaariidha jedhaniiru. Falmaa mirga namummaa fi gazexeessaa kan ta'an Obbo Geetaachoo Shiifaraa ammo ADWUI walgahii isaa kan guyyoota 17 wayita xumuretti bakka tokkotti dhimma mirga namoomaa ilaalchisee tarkaanfii bu'uraa fudhanna jechuu isaaniin walqabatee hawaasa biratti gaaffii tarkaanfii akkamii fudhataa laata jedhu uumee ture jedha. ''Sababni kanaas mirgi namummaa baay'een isaa hidhamtoota waan ilaallatuufi. Kun ammo gaaffii siyaasaa kan bu'uuraa waan ta'eef akka amma jedhan kanatti hin eegne.'' Obbo Gabruu Asraat akka jedhanitti ammo duraanuu hidhamaan siyaasaa kan jedhamu jiraachuun irra hin turre. Eenyu iyyu ilaalcha siyaasaa qabuun hidhamuun akka irra hinjirre heera biyyatti tuquun dubbatu. ''Kanaafuu silumaa tarkaanfiin akkana namoota siyaasaa irratti kan xiyyefateedha. Maa'ikelaawwiin egaa qaamaafi meeshaa cunqursaa kanaatii,'' jechuun dubbataniiru. Murtii kana akka tarkaanfii gaarii ta'e tokkootti haa fudhatan malee kan barfateefii badii hedduun erga qaqabee booda kan fudhatame ta'u isaas ni dubbatu. Mootummaa kan kanaan ga'e maali? Akka Dr. Awwal jedhanitti mootummaan ADWUI murtee kanarra akka ga'uuf dhiibbaan qabsoon ummanni bifa qindaa'aan taasisaa ture paartilee miseensa ta'an irraan ga'aa ture ga'ee qaba. ''Kun bu'aa qabsoon ummanni walitti fufiinsaan taasisaa tureeti'' jedhan. Dr. Awwaliif hiikamuun hidhamtoota siyaasaa waan guddaadha,''Balleessaa tokko malee sababa mirga heerri mootummaa kenneef fayyadamanii heerri mootummaa akka kabajamu gaafataniif namoota hidhaman hiikuun kallattii gaaffii haqaa uummanni gaafachaa jiruun waan dursa argachuu qabu.'' ''Namoota sagaleen ummataa dhagahamuu qaba jedhanii gaafatan seeraa fi heera mootummaa fayyadamanii hidhaniiru. Mootummaan sirna dimookiraasiin babal'isa yoo jedhe, mariidhaan carraa paartilee siyaasaa baayyeef kennuun yoo irra jiraate, duudhaawwan dimookiraasii akka dagaagan yoo barbaade tarkaanfiin jalqabaa hidhamtoota siyaasaa hiikuudha,''jedhan. Obbo Geetaachoon ammoo dhiibbaa mormiin ummataa geessise caalaa mootummaan ADWUI waan ittiin ummata gowwoomsu mala of harkaa fixuusaa agarsiisa. Kanaan dura waa'ee guyyaa alaabaa, barkumee fi abbaay jechuun gaaffii ummataa haguugaa turan. Haalli amma jiruu fi gaaffiin ummataa hidhamtoonni siyaasaa haa hiikaman kan jedhu waan ta'eef' ''nan hiika'' jechuudhaan umurii siyaasa isaa dheereffachuuf waan kanatti fayyadamuu malas jedhaniiru. Obbo Baqqalaa Garbaa, Profeesar Mararaa Guddinaa hanga Andaargaachoo Tsiggeefaai mana hidhaatti dararamaa jiru. Kanaafuu ummanni akka jarri kunneen hiikamaniif gaaffii gaafachaa turan ,gaaffiin isaanii deebii waan dhabeef ofiin deebifachuuf dirreetti ba'an. Sanatu kana fide,'' jedhan. Kanaafuu hiikamuun namoota kunneenii haqa hidhamee ture hiikuu fi gaffilee hawaasaa biroos waan hordofsiisuuf gaaffiin ammas itti fufa jechuun yaada kennan. Dhaabbileen Mirga namoomaf falman maal jedhan? Dhaabbanni Aministii Internaashinaal qorataa isaa Fisehaa Taklee waabefachuun ibsa keenneen '' oduun kun barri hamaan cunqursaa darbaa jiraachuuf mallattoo ta'uu dandaa'a, dhimmaa siyaasaa fi ragaalee sobaan qiqinda'aananin namoota lubbuu isaanii dhabaniifii baroota hedduuf manneen hidhaa keessa warreen daraarmaniif garuu murteen kun barfataadha'' jedheera. Hooggantooni mootummaa Itoophiyaa hidhamtoota kana hiikuuf murtee isaanii guutummaan guutuutti akka hojiirra oolchanis gaafateera. Dabalataaniis mootuummaan labsii farra shororkeessumaa dabalatee seeroota cunqursaaf namoota saaxilan akka hambisu yookan akka fooyyeessu gaafateera. ''Ma'aakalaawii cufuun yaakkoota gara jabinaa achitti raawwataman dhooksuuf yaalamuu hin qabu. Maa'ikalaawiin baroota dheeraaf bakka namoonni yaada mootummaa morman, gaazexesitootaa fi hoogantoota paartilee mormituu mootummaan gidduugalaa itti daraaraa qoratudhas '' Jedheera. Seenaa haaraa kabaja mirga namoomaa kan jalaqabuun dand'amu yakkoonni gara-jabinaan raawwataman hundi qoratamanii raawwattoonni yakkichaa seera dura wayita dhihaatan qofa dha, Kan jedhu Amenistii Initernashinaal dhimmi namoota achibuuteen isaanii hin beekamnee osoo hin beekamiin namoota qabsoo nagaa gaggeesuu isaaniin hidhaman gadhiisuun qofti gahaa mitis jedheera. ''Yoomii fi akkamitti murteen kun akka raawwatamu mootummaan waan jedhe jiraachuu baatus cunqursaa siyaasaa barootaaf ture dhaabsisuuf tarkaanfii gaariidha'' kan jedhe ammoo Humaan raayits waachi. Ma'aakalaawiin cufamee hidhamtoonni gara mana hidhaa biraatti dabarfamu yoo ta'eefi dararaan walfakkaatu isaan mudata yoo ta'e murtichi hiika hin qabu kan jedhu dhaabbatichi, mootummaan hooggantoota basaasaa hidhamtoota dararuun seeraan kan adabsiisu akka ta'e akkekachiisuu qaba jedheera. Dhaabbatichi itti dabaluun mootummaan itti fuufuun hiriira nagaa hayyamuun seerota cunqursoo ta'an fooyyessun jijjirama fiduu qaba jedheera.
oduu-50166658
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50166658
Rakkoolee Gaa'ilaa: Gaa'ila danqaan itti heddummatu bulfachuun attamiin danda'ama?
Addee Ababaa Gabrasilaasee abbaa warraa isaanii Obbo Gabra Kiristoos waliin gaa'ilaan waggoota 50'f jiraachu dubbatu.
Dhiheenya kanas ijoolleesaanii 9 fi ijoollee ijoollee isaanii 17 waliin waggaa 50ffaa gaa'ilasaanii kabajatan. Abbaa warraa kiyya waliin waggoota kana hunda jiraachu kanan danda'eef ''jidduu keenya wal danda'uun waan jiruuf'' jedhaniiru. Abbaan warraa saanii balleessaa osoo hin raawwatiin hafe miti kan jedhan Adde Ababaan, garuu "hundumaa miira tasgabbiin waliin dubbataa hiikaa waan turreef jireenya gaa'ilaa gammachisaa jiraachu dandeenye" jedhu. Faalla kanaatiin haadha warraafi abbaa warraa gadi taa'anii mari'achuun itti ulfaatee, ijoollee waan waliin gadhataniif qofa waliin jiraatan, kanneen yeroo hunda wal himatan arguun kan barameedha. Wal dhabdeen kunis cimee kanneen gaa'ilasaanii hiikanii ijoollee isaanii bittinsan hedduudha. Addee Tigist Waaltanugusiifi Obbo Indaalk Asaffaa waggoota 10 oliif maatiiwwan adda addaatiif tajaajila gorsaa kenannaa turan. Midiyaafi komunikeshinii 'Maaddii Araaraa'' jedhu hundeessuun hojiiwwan adda addaa hojjechaas jiru. Haalawan gaa'iilaafi jaalala balaarraa buusan keessaa inni gudaan hubannoon jarreen lamaan waa'ee gaa'ilaafi walitti dhufeenya jaalalaa qaban gadi aanaa ta'uudha jedhu. ''Gaa'iilli kan eegalu ofiirraayi'' jechuun osoo nama waliin jiraatan ilaaluun hin eegaliin dura ofi hubachuun barbaachisaa ta'u himti Aadde Tigist. Haalli qabeenyaa fooyyaa'uun, garaa garummaan aadaa, ilaalchaa, sadarkaan barnootaa fi kkf dhimmoota gaa'ilaa rakkina keessa galchan keessatti eeramani jedhu. Haa ta'u malees hunda caalaa hir'inni dandeettii walitti dhufeenya jara lamaa jidduu kufaatii gaa'ilaatiif rakkina cimaa ta'uu dubbata Obbo Indaalki. Gaa'ilaan dura of-hubachuu Waggoota 10'n darban namoota gorsaa turtetti wanti hubatte guddaan, kan gaa'ila haalaan qajeelchu ilaalcha jarreen lamaan ofii isaanitiif qabaniidha jetti Aadde Tigist. Jalqaba gaa'ilaatti dhiirris ta'e dubartiin amala maleekaa (ergamaa) fakkaatu agarsiisu. Rakkoon garuu umamuu kan eegalu booda keessa jedhu. ''Jaalalli jalqabaa qorree waliin jiraachuu wayita eegalan amalli dhugaa jara lachuu bahuu eegala'' jetti. Jarri lamaanu of ilaaludhaan hanqina qaban irratti dhoksaa tokko malee waliin mari'achuun gaa'ilaaf murteessaadha jetti. Kana malees, dhimma gaa'ilaarratti oggeessonni gorsa kennan baay'een jiraachuu dhabuun akka rakkinaatti kaafti. Adde Ababaan maaloo qaamooleen gorsa kennan osoo jiraatanii jechuu yaadanii akka beekan BBC'tti himaniiru. Namoonni gara gaa'ilaa osoo hin deemiin dura waa'ee maatii uummachu barbaadanii, kaayyoo maatii isaanii, dudhaafi dhimmoota kana fakkaatan irratti qaamni gorsa kennu dhabamuunsaa, namoonni duchaadhumatti gaa'ila dhaabbatan hedduun rakkina booda isaan mudatu qofaadhuma saanii hiikuuf saaxilamu jedhu oggeessoonni kunneen. ''Gaa'illi beekumsaan gaggeeffama,'' kan jedhu Indaalki, maalummaa gaa'ilaa, attamiin akka gaggeefamuu qabaatufi garaa garummaa uumama dhiiraafi dubartootaa irratti hubannoon bu'uraa barbaachisaa ta'u dubbata. Beekumsichi eessaa argama? Addee Ababaan attamiin gaa'ila gaarii gaggeeffachu akka danda'an hubachuuf namoota umuriin isaan dura turan irraa iyyaafataa akka turan dubbatu. Dhaabbilee hawaasummaa, beekumsa aadaa naannoo ofii, gorsa abbootii amantaa fayyaadamuun alattis ogeessonni gorsa gaa'ilaa kennuun leenji'aan bira dhaquun hanga ta'ee gaa'ilaan jiraachuuf ni gargaara jedhu. Gaa'ila jechuun mana tokko keessa waliin jiraachu, ijoollee waliin godhachuun olii jedhu ogeessonni. Dursanii dhugaa eenyummaa ofii hubachuun gaa'ilaaf murteessaadha jedhu. Fakkeenyaaf, dhiira osoo rakkinni mudate ofiisaatiin hiikuuf yaali taasisa. Dubartoonni garuu battalumatti nama naannoosaanii jiruutti himuun akka hikkatuuf yaalu. Garaa garummaa akkasi baruun mataansaa rakkina gaa'ila keessatti mudatu hiikuuf murteessaadha jedha Indaalki. Jarri lamaanu wayita haala umamasaanii kanarratti wal hubatan rakkina isaan mudatu hiikuuf hin rakkatan. Kun ta'u yoo baatee waliin ooduufi waliitti mataa baachuutu umama jedha. Hubannoowwan kunneenis dubbisuudhaan, gorsa ogeessaa barbaachaan ykn karaa adda addaatiin kan argamu ta'u himu. Rakkoolee gaa'ilaa Wal amanu dhabu jara lamaanii, walii galte dhabu, maatiin gaa'ila jidduu galuu, ilaalchi ofii qaban hir'achu, quunnamtii saalaa irratti walii galu dhabu kanneen dursaan eeramaniidha jetti Tigisti. Gaa'ila keeessatti ilaalchi namoonni tokko tokko ofiisaaniif ''ani beekaadha'' kan jedhu yoo ta'u, kuun ammoo ani ''homaa hin beeku'' jechuun ofitti amanummaa isaanii kan rakkina qabuudha jetti. Inni homaa hinbeeku ofiin jedhu 'hin jaalatamu' jedhee waan yaaduuf nama gaa'ilaan waliin jiraatu hin dhagahu. Tibba gorsa kennaa turtettis namoonni kanan ani jedhe qofti ta'u qaba jedhan akka ishee mudatan himti Tigisti. Kun ammoo fudhatama hin qabu jette. Isaan ani hin jaalatamu jedhanii yaadanis, yaada nama kaaniin dhiyaatu akka waan miidhaatti kan ilaalan ta'u himti. Kanaafuu ilaalcha jarren lamaa ofii isaanitiif qaban hubachuun barbaachisaa akka ta'e gorsiti. Namoonni ofiisaaniif ilaalcha gadi aanaa qaban yeroo baay'ee kan aaran, sagalee olaanaan kan dubbataniif dafanii deebii kennuuf kan muddamaniidha. Ammalli akkanaa kunis nama gaa'ilaan waliin jiraatanif rakkina akka ta'e dubbatti. Rakkooleen gaa'ila keessatti mudatan hundi hiikaa ni qabaatu kan jedhu Indaalki, gaa'ila hiikuuf ariifachuurra rakkoolee umamaniif fala barbaachuun murteessaadha jedhu. Ofiin hiikun bakka hin danda'amnetti ammoo nama sadaffaa barbaachuun gaariidha jechuun gorsu. Haa ta'u malee jaalala gaa'ila keessaa akka maallaqa bara rakkootiif kaa'ameetti ilaaluun barbaachisaadha jedhu oggeessoonni kunneen. Namoonni tolaafi badaa waliin danda'anii kan waliin jiraatan sababii jaalalli jireenya keessa kuufatan jiruufi jedhu. Wayita waliitti bu'iinsi mudatuttis wal jajjabeessuufi jaalala wali qaban waliif ibsuun gaa'ila cimsa jedhu. Namoonni gaa'ila keessatti walitti bu'uun jaarsummaa wayita taa'an jalqaba kan dhagahamu walitti bu'insichi kaleessa kan eegale akka hin taaneedha. Wal dhabdee waggootaan dura eegalameetu waljalaan hunde gadi faggeefate ifatti bahuun jaarsummaaf isaan saaxilu dubbatti Tigisti. Abbaafi haati warraa uffanaa malee wal bira dhaabbatan illeen akka wal hin sodaanne hunda, miiraanis akkasuma waliin ifa ta'un barbaachisaadha jetti. Kana jechuunis iccitiin qofaatti qabatamu gaa'ila keessa jiraachu akka hin qabaanne gorsiti. Haa ta'u malee ammoo waliif ifa ta'uun kunis adeemsa keessa kan argamu ta'un hubatamu qabas jetti. Keessattu yeroo tokko miirriifi walitti dhiheenyi tokkon isaanii gaa'ila caalaa maatii isaaniif qaban walitti bu'insaafi diigamu gaa'ilaatiif madda ta'e mul'atas jetti Tigisiti. Kanafuu firootaaf iddoon kennamu kan gaa'ilaan booda taasisuun walitti dhufeenya fayya qabeessa qabaachuuf ni gargaara jetti. Waa'ee gaa'ilaarratti gorsa kan gaafannu yoom? Dargaggoonni umurii ijoollummaan waa'ee gaa'ilaa osoo baratanii caalaa gaa'ila gaarii jiraachuf ni garggaara jetti. Osoo gara gaa'ilaati hin galamiin dura hubannoo gaarii argachuun jireenya gammachu boru jiraatamuuf bu'ura kaa'as jetti. Yeroo tokko tokkoos haadhooliin ijoollee guddisuun yeroo dheeraa mana keessatti dabarsan amma nan baradha yoo jedhan madda walitti bu'insaa yoo ta'u dhagahama jedhu. Kunis jalqabuma ifatti mari'achu dhabuun kan maddu akka ta'e himu oggeessoonni kunneen. Namoonni erga gaa'ila dhaabbatanii boodas amalaafi ilaalcha isaanii geeddaru hin barbaadne, kan hin geeddarres, duudhaa mataasaniin alatti kan hin gammannee ni jiru. Namoonni akkasii erga gaa'ila keessa galanii booda gocha nama waliin jiraatan gaddisiisu raawwachuun itti fufu jetti Tigist. Kunis ga'ilicha balaarra buusu mala jetti. "Haala aadda fi duudhaan keessatti guddadhee haadha warraa/abbaa warraa kiyyatti ifatti himuu dadhabuun ofi walaaluudha. Osoo sirriitti eenyummaa mataa keenyaa hin bariin nama biraa jireenya keenya keessa galchuun walitti bu'insaaf madda ta'a,'' jetti. Mul'ata waloo haadha warraafi abbaa warraa Namoonni baay'een gammachuu erga gaa'ila dhaabbatanii jireenya eegalaniin booda, keessattu wayita ijoolleefi qabeenyi argamu jaalala waliif qaban waliif ibsuun qabannaa'aa adeemuu dubbatti Tigisti. Kanaafis falli waloo jiraachu qabaatas jetti. Namni tokko dura qofaasaa akkuma jiraataa ture amma gaa'ila keessa wayita galuutti abjuu jireenya, mul'ataa fi kaayyoo waloo qabaachuun murteessaadha jetti. ''Baay'een namootaa garuu kaayyoon isaanii mana ijaaru yoo ta'e manicha ni ijaaru, garuu miirasaanii hin ijaaran." "Kaayyoon waloo konkolaataa bitachu yoo ta'es konkolaataa bitu malee maatiisaanii irratti hin hojjatan,'' jetti. Maatii ijaarratan attamiin gama miiraa, gama dinagdee fi hawaasa waliin jiraatan waliin wal simsiisuun akka itti jiraatan yoo karoorsan malee rakkoon mudachuun hin olu jetti. Kana malees waliin ta'uun attamiin ijoolleesaanii akka guddifatan fi attamiin waliin akka ijaaran irratti yoo hojjatan, ijaarsi manaafi kan alaa qofti gaa'ilicha miila lamaan akka dhaabbatuuf hin gagraaru jetti. Maatiiwwan ijoollee godhatanii, mana ijaarratanii, qabeenyaa horatan garuu gammachu malee waliin jiraatan akka beektu kan dubbattu Tigisti, kunis jarri kun bara isaanii hunda ijaarsa qabeenyaa malee ijaarsa jaalala jiddusaaniif yeroos ta'e qabeenyaa akka itti hin baasiin kan mullisuudha. Kanaafuu ijaarsi jaalala abbaa warraafi haadha warraa jiddu akkuma qabeenyaa biraa xiyyeeffannaa olaan kan barbaadudha jetti.
43496200
https://www.bbc.com/afaanoromoo/43496200
Ministira muummee muudamu irraa maaltu eegama?
Ministirri mummee Itoophiyaa aangoo gadhiisuuf gaaffii erga galfatanii kaasee eenyutu bakka isaanii bu'a kan jedhurratti heddu jedhameera. Haala amma jiru tasgabeessuun biyyattii kallatti nageenyaatti deebisuuf ammoo ministirri mummee ittaanu maal gochu akka qabaatu ilaalchisuun jiraattoonni magaaloota Oromiyaa garaa garaa BBC'tti dubbataniiru.
Bitaarraa gara mirgaa: Abiy Ahimad, Dabratsiyoon Gbaramikaa'el, Lammaa Magarsaa, Worqinah Gabayyoo fi Dammaqaa Mokonnin Akka namoota kanneenitti ministirri muummichaa haaraa muudamuuf jiru hojii cimaatu eeggata. Jiraataa godina shawaa bahaa tokkos sabaafi sablammoota hunda ija tokkoon kan ilaalu fi nagaa biyya kanaatiif cimsee kan hojjetu ta'uu qaba jedha. Uummata biyyattii gara nagaatti bobbaasee jeequmsarraa kan baraaru ta'uu qaban jedha namni kun. "Lammii keenya kan biyyoota biraa jiraatan illee akka beelaafi walaallummaa balleessuu keessatti gumaachan gochuu qaba. Kana galmaa gahuufis akka abbaan ilmaan waamutti yoo waame gaarii ta'a jedheen yaada." Namni biraa yaada nuuf kennan ammoo, dargaggootaafi humna barateefi hojii kan uumuu, akkasumas kan hunda waliqixxumaan bulchu ta'uu qaba jetti. "Aangoorra turuuf kan dhufu osoo hin ta'iin qomoo, amantaa, aadaafi eenyummaadhaan osoo addaan hin qoodiin uummata tajaajiluuf kan muudamu ta'uu qaba." Jiraataan Godina addaa naannawa Finfinnee irra dubbifnes yaaduma walfakkaatu dubbata. Akka nama kanaatti, yeroo ammaa jiruufi jireenyi biyyattii akka malee qaala'aa jira. Kanaaf, nama jireenya uummataa foyyeessuun akka galii giddu-galeessa qabaatan gochuu qaba. Garaa garummaa sabaafi sablammoota biyyattii jidduutti uumamaa jiru sirreessuun isa guddaadhas jedhaniiru. Dhimmi kabachiisuu mirgoota namoomaa lammiilee hojiiwwan furtuu ministira mummichaa haaraa mudamuu akka ta'u kan himan jiraatan biraa ammoo, miidhaafi dararama ammaan tana Ormoorra ga'aa jiru kan dhaabbachiisu ta'uutu irra jiraata, jedhaniiru. Akkasumas aangoo isaatiin ofitti amanee kan hojjetu malee qaamni biraan duuba taa'ee kan isa dhiibuun hojachiisu ta'un irra hin jiraatu jedhaniiru. ''Biyya keenya guutummaan guutuutti hiyyummaa, waraana fi ajjeechaa jalaa baasuu kan danda'u ta'uutu irra jira,'' jedhu. Ogeessoonni hoo maal jedhu? Yaada namoota keenniirraa akkuma hubatamuus ministira muummee haarawaa hojiiwwan cimaatu isaan eeggata. Haa ta'u malee dhimmoota ka'an kanneen raawwachuuf haalli ministiricha dandeessisu jiraa? Rakkoolee mudachu danda'u hoo maal fa'i jechuunis Yunivarsitii Finfinneetti gosa barnootaa Nageenyaafi Tasgabbiitti digirii sadaffaa barataa kan jiran Obbo Kumaa Baqqalaa dubbifneera. ''Yoo danda'ame gaaffilee uummanni Oromoo waggoota hedduuf kaasaa jiru ajandaa godhachuun uummataa, paartilee siyaasaafi qaama na ilaalata jedhu hunda waliin mariisisuun ykn waltaajjii mariitiin walitti fiduu yoo danda'e haala jiruuf furmaata argamsiisu danda'a. Yoo kana ta'edha nageenyiifi tasgabbiin umamuu kan danda'u jedheen yaada,'' jedhu Obbo Kumaan. Kanaafuu jedhu Obbo Kumaan, gaaffii uummanni kaasaa jiru kanaaf deebii keennuuf carraa jiru baayyee xiqqaadha. Ministirri Muummichaa dhufu kun mirgoota seeraafi heera biyyattii kennameef hundaatti fayyadamuun hojjechaa jiraa kan jedhuti ilaalamuu qabas jedhu. Waantota akkasii kunis yoo ilaalan rakkootu jira. Haalaan hojjechuufis yeroofi qabsoos kan gaafatudhas jedhaniiru. Dhimmoota ministirri muummichaa haaraa gara aangootti dhufuufi rakkoo ta'u malan kessaayis, tokko caasaa mootummaati jedhu. Fakkeenyaaf, hunda ta'u baatuus caasaan kanneen akka raayyaa ittisa biyyaa eerun ni danda'ama. Humni nageenyaafi tikaa biyya kanaa federaalizimii dhugaa fakkaachuu danda'uu qabas jedhu. Ga'een sabaafi sablamoota biyya kana keessatti mullachuu qaba. Hundumtuu miira kan kooti nagalcha jedhu agarsiiisuu danda'uudha qaba. Uummanni abdiifi amantaa caasaalee akkanaa kanarraa hinqabu yoo ta'e; muummichi ministiraa ammaa kanarratti aangoo guddaa qabaatee, dandeettii fedhaafi gaaffii uummataa eegsisuu hin hojjetu yoo ta'e jijjiiramni fiduu danda'u hin jiru," jedhu. Rakkoo namoonni yeroo gara garaatti qee'eefi qabeenyarraa buqqanan, akkasumas nagaafi tasgabbiin akka dhufuuf jedha Kumaan, "Furmaanni waaraa dhufuu kan danda'u mootummaan biyya kana bulchaa jiru yoo of sirreessuu danda'edha. Federaalizimiin dhugaan lubbuu godhatee biyya kanarratti yoo hojjechuu jalqabedha. Karaa Labsii Yeroo Muddamaatiin furmaanni dhufuu hin danda'u. Kallattii dur ture saanaanis furmaanni dhufuu hin danda'u. Mootummaaan akkuma rakkoon ana bira jira jedheen, amma uummata gara waltajjiitti fiduu qaba. Furmaannis isuma bira jira."
oduu-56713173
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56713173
Hidha Abbayyaa: Masrii fi Sudaan waamicha Itoophiyaan dhiyeessiteef fudhachuu didan
Itoophiyaan osoo marsaa lammaffaa Hidha Guddicha Abbayyaa bishaaniin guutuu hin eegaliin dura, odeeffannoo wal jijjiiruun akka danda'amuuf Masriifi Sudaan oggeessoota isaanii akka filataniif waamicha dhiyeessitee turte, biyyoonni lamaanuu garuu waamicha kana didaniiru.
Itoophiyaan haaluma sagantaa duraan qabameen, marsaa lammaffaa hidha guddicha baatii dhuma gannaa irratti bishaaniin guutuuf ibsteetiin ture biyyoonni lamaan akka oggeessota bakka buufataniif torban darbe waamicha kan dhiyeessitee turte. Masriifi Sudaan Hidha Guddicha Itoophiyaan ijaaraa jirtu ilaalchisee waliigaltee seera qabeessa ta'e irra osoo hingahamiin bishaan guutuun akka hineegalamneef cimsanii mormaa turuunsaanii ni yaadatama. Itoophiyaan garuu gaaffii Sudaaniifi Masrii kana irra deddebiin kuffisuun mariin biyyoota kanneen jidduutti gaggeeffamu osoodhuma deemaa jiruu bishaan guutuun kan hinhafne ta'u ibsaa turte. Toraban darbees walitti qabummaa dura teessuu Gamtaa Afriikaa ammaa kan taatee DR Koongootiin mariin Kinshaasaatti biyyoota sadaniin gaggeeffamee ture bu'aa malee xumurameera. Itoophiyaanis walgahii kanaan booda ture Sudaaniifi Masriin haala marsaa lammaffaa hidhi guddichi bishaaniin ittiin guutamu ilaalchisee odeeffannoo wal jijjiruuf oggeessoota isaanii akka beeksiisaniif kan gaafatte. Rooyitarsi Kaayiroodhaa akka gabaaseetti, Masriifi Sudaan, waliigaltee seera qabeessa akka irra gahamuuf gaafataa jira osoo hinraawwatamaniin gaaffii oggeessoota odeeffannoo waljijjiruuf Itoophiyaan gaaffatte hinfudhatiin hafaniiru. Bakka bu'aan Oduu Sudaan Ministira Bishaan biyyattii eeruun akka gabaaseetti, hidhichiratti odeeffannoo wal jijjiruun barbaachisaa ta'u himuun, garuu dhimmota walii galteerra gahame keessaa muraasa irratti qofa irratti xiyyeeffachuun shakkii akka itti uumee ibseera. Biyyoonni kunneenis Itoophiyaan osoo walgahiirra hingahamiin dura marsaa lammaaffaa bishaan akka hingunneef irra dedeebbiin mormii dhageessisaa turan illeen waan hinhafne ta'u hubachuun qophii taasisaa jiraachuun beekameera. Sudaan hidha bishaanii Jabal Awaliyaa kan bishaa kubiik meetira miiliyoona 600 qabu, bishaan dhugaatiifi qonnaaf, osoo Itoophiyaa marsa lammaaffaa guutuu hineegaliin dura akka guuttattu maddi oduu Sunnaa gabaaseera. Ministirri Jallisii Masrii ammoo dhaabbata TV tokkoon, bishaan marsaa lammaffaa Itoophiyaa gutuuf jirtu hidha Asawaaniin kan bakka buusan ta'u ibsuun, yaaddoonsaanii inni guddaan tibba gogiinsaa ta'u himuu Rooyitarsi gabaaseera. Ministirri Bishaan, Jalliisiifi Inarjii Itoophiyaa Dr Injinar Silashii Baqqalaa, Itoophiyaan hidha guddichi ijaarsiisaa gara xumuramuutti adeemaa jiru marsaa lammaaffaa bishaaniin guutuu tasumaa yeroo biraatti akka hindabarsineefi kana raawwachuufiss adeemsiifi sababiin dandeessitu akka hinjirre dubbataniiru. MM Abiy Ahimad haasaa baatii Bitooteessa darbe paarlaamaa irratti taasisaniin, Itoophiyaan erga waliigalteen raawwatameen booda hidhicha bishaaniin gutti kan jedhamu yoo ta'e, ''biyyattiin waggaatti doolaara biiliyoona tokko dhabdi'' jechuun marsaa lammaffaa bishaan guutuun kan hinhafne ta'u himanii turan. Itoophiyaan bishaan marsaa jalqabaas kan guuttee osoo Masriifi Sudaan gaaffii walfakkaataa dhiyeessanu ta'unsaa ni yaadatama. Hidhi Guddicha Abbayyaa Itoophiyaan doolaara biliyoona shan ta'u baasuun ijaaraa jirtu kun xumuramuuf parsantaa 20 qofti kan hafe yoo ta'u, wayita xumuramuttis hidhawwan anniisaa maddisisan Afriikaa keessaa kan jalqabaa isa guddicha ta'a jedhameera. Hidhichi gutummaatti xumuramee wayita gutummaan hojii eegaluuttis elektirikii meegaa waattii kuma shanii ol maddisiisuuf dandeettii qaba jedhameera. Bara darbee wayita hidhichi marsaa tokkooffaa bishaaniin guutamu, marsaa lammaaffaan ganna dhufaa Hagayyaafi Adooleessaa ykn Fulbaan irra kan raawwatamu ta'uu Itoophiyaan beeksiifte turte. Hidhi kunis bara dhufaatti sadarkaa murtaa'een annisaa maddisiisuu kan eegalu ta'uun himameera. Masriifi Sudaan hidhi kun sadarkaa olaanaadhaan dhiyeessitii bishaan keenyaa hir'isaa jechuun jalqaba ijaarsa hidha kanaa mormaa turan illeen, haata'u malee ummata ishee wallakkaa ta'uufi damee indastiriishee guddataa jiruuf humna anniisaa dhiyeessuuf kaayyeeffachuun kan kaatee Itoophiyaa garuu ijaarsicha itti fufuun gara xumuraatti adeemaa jirti. Qondaaltoonni motummaata Marsiifi Sudaan yeroo garaa garaatti sababii ijaarasa hidha Itoophiyaan gaggeessaa jirtuutiin hammantaa bishaan argatan irratti dhiibbaa akka taasisuu yaaddoo isaanii ibsaniiru. Itoophiyaan garuu bishaan isheen fayyadamtu pirojaktoota bishaan biyyattii keessatti hambiisaniif akka hintaane hubachiiftulleen, Sudaanfi keessatti Masriin hojii bishaaniirratti raawwatamu kamiiyyuu osoo waliigaltee isaanii hinargatiin dura raawwachuu akka hinqabne ibsaa turte. Ijaarsi isa erga eegalee waggaa 10ffaa kan qabaate Hidhi Guddicha Abbayyaa bishaaniin guutuufi adeemsa hojii isaa itti fufuu ilaalchisee Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii jidduutti gaggeeffamaa ture bu'aa malee hanga ammaa gaheera. Mariin biyyoota sadanii Gamtaa Afriikaatiin ogganamaa ture duraan Finfinnee, Kaartuum, Kaayiroo fi Waashingtaniitti biyyoota sadan jidduutti gaggeeffamaa kan ture yoo ta'u, sababii weerara koronaavaayirasitiin walqabatee ammoo yeroo muraasaaf adda citee erga tureen booda karaa onlaayiniitiin gaggeefamaa ture. Haaluma kanaanis mariin biyyoota sadan jidduutti gaggeeffamu kun torban darbees magaalaa guddoo DR Koongoo, Kinshaasaa keessatti guyyoota sadiif taa'amee bu'aa malee erga adda galameen booda ture, Itoophiyaa biyyoonni lamaan oggeessoota isaanii akka bakka buufataniif gaaffii kan dhiyeessite.
oduu-49049243
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49049243
Itti-gaafatamtoonni Sidaamaa Miidiyaa Neetwoork to'annoo jala oolfaman
Kaleessa galgala Hoji-gaggeessaafi Itti-aanaan Hoji-gaggeessaa Sidaamaa Miidiyaa Neetwoork (SMN) to'annaa jala oolfaman. Namoonni kun guyyaa kaleessaa jaarsolii biyyaa waliin walga'iitti osoo jiranii humnoonni nageenyaa dhufanii ta'atan jedhu Qindeessaan Oduufi Sagantaalee SMN Obbo Muluqan Birhaanuu BBC'tti himeera.
Hoji-gaggeessaan SMN Obbo Geetahun Degguyyeefi Itti-aanaan isaa Obbo Taarikuu Lammaa yeroo ta'annaa jala oolfaman, hojjetoonni miidiyaa kanaa biroon ammoo akka gara waajira isaaniitti hin seenne dhorkamuu isaanii ibseera. Kaleessa ganama qaamoleen nagaanyaa gara waajira isaanii dhufuudhaan waardiyoota eegumsarra jiran furtuu waajira isaanii akka kennaniif gaafachuu isaanii kan ibsu Qindeessaan kun waardiyyoon furtuu waajiraa hin qabnu jechuudhaan ofirraa gaggeessaniiru jechuun dubbata. Akka Obbo Muluqan jedhutti, alkan naannoo saatii afurii aanga'oonni godina Sidaamaa, jaarsoliifi Ejjettoon Waldaa Kiristaanaa Makkaane Yesuus Taabor jirutti walitti qabamanii yaada Boordii Filannoo fudhachuudhaaf ariyachaa wayita jiranitti ture kan humnoonni nageenyaa to'annaa jala oolchan. Aanga'oonni kunneen dargaggoota kana waliin kan walga'ii kanarratti hirmaatan hirmaannaa Ejjettoo keessatti qabanirraa akka ta'e beekameera. SMN seera qabeessaan beekamtii argatee kan hojii jalqabe ji'a Waxabajjii darbe yommuu ta'u hanga ammaatti tamsaasa yaaliirra jira. Dhaabbanni miidiyaa kun sagantaawwan isaa kan tamsaasu waajira isaa Hawwaasaatti argamuufi waajira lamaffaa irraa tamsaasu Afrikaa Kibbaa Johaannis Bargitti argamurraa akka ta'e Qindeessaan Oduufi Sagantaawwanii Obbo Muluqan himaniiru. Yeroo ammaa kanatti tamsaasni kamiyyu Hawwaasarraa darbaa kan hin jirre yommuu ta'u karaa waajira Afrikaa Kibbaa jiruun sagantaawwan TV qofaa akka dhiyaatan taasifameera jedhe. Waa'ee namoota to'annaa jala oolfamaniiru jedhamanii kana sababii ittiin hidhamaniifi haala isaan keessa jiran gaafachuudhaaf aanga'oota Naannoo Kibbaafi magaalaa Hawwaasaa isaan ilaallata jenne yaaliin taasifne hin milkoofne. Sidaamaa Miidiyaa Neetwoork dhalattoota Sidaamaa dayaasporaafi abbootii qabeenyaan TV hundeeffame yommuu ta'u dhaabbatichi hojjetoota deggersa kennan dabalatee namoota afurtama akka qabu ibsameera.
oduu-45544674
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45544674
Poolisii Oromiyaa: Ajjeechaa Buraayyuutiin namoonni 23 lubbuu dhaban
Guyyoota dhuma torban darbeerraa kaasee Naannoo Finfinnee Goodina Adda Oromiyaa magaalaa Buraayyuu, Ashawaa Meedaa, Buraayyuu, Kattaa, Hoolotaa, Fiilii Dooroofi naannoowwan kanatti aleellaa uumameen yoo xiqqaate lubbuun namootaa 23 darbuu, Komoshinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa Alamaayyoo Ijjiguu miidiyaalee biyya keessaaf himan.
Namoota walitti bu'insaan buqqa'an Kanneen lakkoofsaan hedduu ta'an ammoo gara magaalaa Finfinneetti baqataniiru. Aleellaa kanaan namoonni lubbuu isaanii dhabaniiru jedhaman lakkoofsi isaanii sirrii beekamuu dhabus hedduu ta'uu malu jechuun namoonni baqatanii ba'an BBC'tti himaniiru. Yeroo waanti kun raawwatamutti biyya alaa hojiif deemanii kan jiran Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad karaa Itti-gaafatamaa Waajjira Ministira Muummee Obbo Fitsum Aragaa ajjeechaa, reebichaafi saamicha namoota nagaarraa cimsanii balaaleeffataniiru. Shakkamtoonni yakka raawwatan akka seeratti dhiyaataniifi adabbii malu akka argatan ibsaniiru. Qaamoleen nageenyaas dhimmicha atattamaan akka qulqulleeffataniifi tarkaanfii sirrii akka fudhatan qajeelfama kennaniiru. Lammiilee lubbuun isaanii darbeef gadda guddaa itti dhaga'ame ibsanii, maatii isaaniif jajjabina hawwaniiru. Itti-gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Obbo Ahimed Shideefi Itti-aanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsa Dilbata waaree booda kennaniin, rakkoo uumame kanaan namoota miidhamaniifi buqqa'an gargaarsa barbachisu taasifamaa akka jiruu ibsaniiru. Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo keessatti mana barumsaa argamu Filphoos jedhamutti argamuudhaan namoota dhibbaan lakkaaman baqatanii achi qubatan yeroo daawwatanitti Kantiibaa Itti-aanaa Injiinar Taakkalaa Uuumaa yakki raawwatame kun simannaa gaafa Sanbataa simannaa Adda Bilisummaa Oromoof taasifame waliin wal hin qabatu jedhan. Namoota aleellaa kanaan miidhaman keessaa hedduun gara Hospitaala Phaawuloositti geeffamanii wallaanamaa akka jiran gabaasaan BBC qaamaan achitti argamee mirkaneeffateera. Namoonni miidhaan irra ga'ee hospitaalicha keessatti yaalamaa jiranis maqaan isaanii galma hospitaalichaarratti maxxanfameera. Ogeessi wallaansa kennaa jiran akka maqaan isaanii hin dha'amne barbaadan BBC'tti akka himanitti,"namoota midhaan irra ga'ee wallaansaaf gara hospitaalichaa dhufan keessaa garri caalaan reebichaan miidhaan qaamaa kan irra ga'edha," jedhaniiru. Namoota baqatan kana keessa daa'imman irraa jalqabee hanga maanguddootaatti jiru. Dubartiin magaalaa Buraayyuu keessa jiraatte tokkoofi haadha ijoollee lama qabattee baqattee BBC'tti akka himtetti eessa akka deemtuufi maal akka gootu akka hin beekne dubbatti. "Waanan qabu hunda gateen baqadhee dhufe". Humnootiin nageenyaa naannoo sana baayyinaan kan jiran yommuu ta'u buqqaatota kana gargaaraa jiru. Kanumaanis walqabatee namoonni gurmaa'anii saamicha taasisaa turan 70 ol tahan to'annoo jala oolus Komishiniin poolisii Oromiyaa ibseera. Qaama kamiyyuu kan bakka hin buune ijaaramanii yakka kana raawwataniiru.
oduu-43169796
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43169796
Cidha uffannaa adii bara goolii diimaa Itoophiyaa keessa
Yeroo baayyee haalawwan abdii nama kutachiisan keessatti jaalalli cimuu danda'a
Ganat fi Ayinaalam bakka lubaafi kessumoonni mana haadha isheetti argamanitti waadaa walii galan Ayinaalamiifi Gannat bara 1978 wayita gooliin diimaa Itoophiyaa sadarkaa olaanaa irra gaheetti gaa'ila dhaabbatan. Gochi ajjeechaa waggaa tokkoon dura eegalame tibba Mangistuu Haayilamaariyaam oggansa biyyattii qabachuun warra diinootakooti jedhurratti labsii ajjechaa labsetti ture. Bara oggansa isaattis namoonni kumaatamni kan ajjeefaman yoo ta'u, kanneen kumaatama ta'an diriqiin qubachiifamaa turan. Garuu haalli kun Ayinaalamiifi Gannat Sandaafaa, mandara xiqqoo magaalaa Finfinneetiin alatti argamtuutti gaa'ila isaanii raawwachu irraa hindhorkine. Suuraan guyyaa sanaas mankuusaa dijitaalitiin 'Vintage Addis Ababa' tiin walitti qabamuun attamiin namoonni haalawwan adda keessatti jireenya akka gaggeefatan agarsiisuuf. Kaadhiimummaa dheeraa Hiriyyoonnis kunneen bara 1973tti osoo ollaa walii jiraatanuu walbaran. Waggaa tokkoon boodas, sirnni bulchiinsa mootii aangoorraa foqolchamuun bulchiisni Mangistuu gara aangootti akka dhufuuf daandii bane. Bara 2008tti Itoophiyaan Mangsitu Haayilamaariyaan bakka hinjirreetti osoo Zimbaabwee jiraatu du'a itti murteesite. Balaan itti aanee uumame karaa isaan yaaduu hin dandeenyeen jireenya isaanii gaaga'e. Ayinaalam akkuma barumsa sadarkaa lammaffaa isaa xumureen dafee Gannatiin fuudhuuf hawwa ture. Bara 1978 tti garuu diddaa warra mormitootaa keessatti qooda fudhatteetti jedhamtee baatii sadiif hidhamtee turte. "Sirna bulchiisa Darguu keessa jiraachuun salphaa hin turre," jetti Gannat. "Haalli sodaa yeroo sana ture gammachuun keenya akka guutuu hin taane dhowwe." Bulchiisni bara sanaa maatiifi firoota isaanii hidhaa jiran akka hin dubbisne dhowwullee, Ayinaalem garuu guyyoota muraasa gidduutti Gannatiin gaafataa ture. Inni eegduu Warraaksaa ture, kana jechuun rogeeyyonni garee mormitoota biroo hariiroo isheen isa waliin qabdu yoo baran isheen balaa guddaarra buuti ture. "[Walii walii kenya] dubbisuu ykn dubbachuu hin dandeenyu ture. Yeroon osoo inni mooraa keessa konkolaachisuu yeroon isa argutti garuu baayyeen gammada," jetti. Gannat mana hidhaa turuun alatti, suuraawwan cidha jara kanaa rakkoon akka isaan mudate kan agarsiisu hin jiru. Jilba dhungachuu Ganamni gaafa cidha isaanii aadaa Itoophiyaatiin jalqabe. Ayinaalam osoo Gannatiin fudhachuuf osoo hin deemiin dura jilba haadhasaa dhungatee gara mana isaatti seenuu qaba. Ayinaalam shamarree fudhatee galuun dura jilba haadhasaatii gadi jedhee dhungate Balbala mana isaammoo hiriyyoonniifi ollaan isaa isa gaggeessuuf walitti qabamaniiru. Ollaan yeroo Ayinaalamiin gammachuun gaggeessan Ayinaalam Gannatiin fudhuuf deemaa jira Suufii gurraacha jalatti qomee morma guutuu uffatee, Ayinaalam waaheloota isaa waliin gara konkolaataa 'Chevrolet' Gannat waliin cidha isaaniif kireeffatanitti deeman. Gannat konkolaataa 'Chevrolet' guyyaa cidha isaaniif kireeffatan cinaatti Gara waaree boodaa, jarri lamaan mana abbaa Gannatitti bakka lubiifi keessummoonni jiranitti kakuu waliif galan. Qubeelaa isaanii mana Africa Jewellery Piyaassaati argamu guyyaa sana banaa turee bitatan. Jarri lamaan keessummoota 300 ta'an cidha sanarratti hirmaatan irraa adda ba'anii yeroo suura ka'uu danda'anis argatanii ture. Suura Gannatiifi Ayinaalam yeroo cidha isaanii kan ka'an Gannatiif gaddisiisaa kan ta'e, Ayinaalam bara 2008 du'us bara waliin jiraatan hundatti gammaddeetti. "Naman jaalladhuttin eeruma, ijoolleen nama onneekoorraa jaalladhuus guddise," jetti.
oduu-44647127
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44647127
ONLF mootummaa waliin nan mariyadha jedhe
Dubbii himaan Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen Abdulqaadir Hassan, waamicha mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siyaasaa biyya alaaf dhiyeessan akka simataniif mariiyachuu akka barbaadan beeksisan.
ONLF mootummaa Itoophiyaa waliin marii barbaada Ministirri Muummee Itoophiyaa haaraan Dr. Abiyyi, madda rakkoo nageenyaa biyyattii bu'uurarraa furuun biyyattii keessatti boqonnaa haaraa eegaluuf carraa akka qabanis himaniiru. Addichi mootummaa Itoophiyaatiin dhaaba shoroorkeessaa jedhame kan jiru yoo ta'u Itoophiyaan Ertiraan addichaaf dahoo ta'uu isheef komachaa baate. Addichi yaa'ii isaa waggaa waggaan gaggeessuufi guyyoota sadiif turu irratti waayee hegeree isaarratti akka mariyatu dubbi himaan dhaabichaa himaniiru. Hidhamtoota kumootaan lakkaawaman dhiyeenya hiikaman keessa hooggantootni addichaa jiraachuun beekameera. Addichi Eertiraa keessatti qabsoo hidhannoo kan gaggeessu yoo ta'u naannoo somaalee biyya walabumma qabdu taasisuuf qabsaa'a. Bara 2007 tti ajjeechaa lammilee Chaayinaa sagal fi lammiilee Itoophiyaa 74 nannoo somaaleetti barbaacha boba'arratti turan kan raawwate addicha akka ta'e amanama.
oduu-53451102
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53451102
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: 'Abbaan kee akka as jirtu akka hin barreef isatti hin mul'atiin' - Boontuu Baqqalaa
Artist Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuu hordofee namoota reeffa gaggeessaa osoo turanii qaamolee mootummaan to'annoo jala oolan keessaa ijoolleen Obbo Baqqalaa Garbaa sadii ni argamu.
Boontuu Baqqalaa, Saamu'eel Baqqalaafi Kiyyaa Balaachoo (ilmi aadaadaa isaanii) torbee lamaa oliif hidhaa erga turanii booda guyyaa Kamisaa hiikamaniiru. Boontuu Baqqalaa kanaan duras wayita Obbo Baqqalaan hidhamanii turan waayee abbaa ishee irra deeddeebiin miidiyaaleef ibsa kennuun beekamti. Torbee lama dura abbaa isaanii Obbo Baqqalaa Garbaa waliin bahanii akkamiin akka to'atamaniif haala waliigalaa ture BBC Afaan Oromoo waliin gaaffiifi deebii gaggeesiteen waan dubbatte kunooti. BBC-Akkamiin to'annoo jala akka ooltan waan yaadatturraa nuu himimee? Boontuu: Reeffa wajjiin Galma Aadaa Oromoo deemaa turre. Nu fuulduras nu boodas konkolaataa baayyeetu ture. Ana, abbayee koo, obboleessa koo quxusuufi mucaa adaadaa keenyatu nu waliin ture. Balbala Galma Aadaa Oromoorraa wayita geenyu hayyamni waan hin kennamneef ol hin seentan jedhan. Daqiiqaa muraasaaf erga haasa'anii ammoo balbala bananii ol lixaa nuun jedhan lixne. Osoo daqiiqaa 10-15 turree Injinar Taakkalaan dhufanii, abbaakoo, Obbo Jawaariifi Hamzaa waliin dhaabatanii mariyachaa turan. Obbo Jawaar waliinis kophaatti haasa'aniiti daqiiqaa 10 wayi booda deebi'anii bahan. Isumaa bahu waraanni humna addaa Oromiyaa dhufee reeffa fudhanna jedha. Sana booda Jawaar Mohaammad reeffi Ambulaansiidhaan akka deemu, qorichi akka itti godhamu kuni akka dhufu Injanar Taakkalaa waliin haasofneerra kanaaf Ambulaansii eegaa jedhe. Isaanimmoo awaalcha bareechuufi kan nuti yaalaa jirru jedhanii muddanii reeffa fuudhanii deeman. Komaandarri dhufee konkolaataa reeffa qabateen akka konkolaataa oofuu yoo gaafatu Obbo Jawaar ambulaansii eegaa akka jiran kan itti hime malee reeffi garam akka geeffamu hin dubbanne. Erga reeffi bahee nuti hin baana jennee gaafa kaanu waraanni nutti marsee, bahuu nu dhorke. Isaan konkolaataa keessa galchanii fuudhanii deemaniiru. Mooraa keessaa hin baane malee fudhataniiru. Utuu Jawaar faa fudhanii hin deemiin eegdotarraa meeshaa fudhataniiru, konkolaataas sakatta'aniiru. Yeroo isaan fuudhanii deeman namni miira keessa galee baayyeen ni boohe. Keessaayyuu miseensi Humna Addaa Oromiyaa tokko wayyaa ofirraa baasee way Oromoo, way Oromoo, Oromoon kanaaf hidhamee, Oromoon kanaaf du'ee jedhee ergasii sagalee dhukaasa dhageenye. BBC- Waraana akkamiiti? Boontuu: Keessaan Humna Addaa Oromiyaati duubaan ammoo raayyaa ittisa biyyaati. Achiin eegdota Jawaar harkaa meeshaa fuudhanii, achiis konkolaataa gurraacha keessa galchanii achiis abbayee koofi Hamzaa fuudhan. Hanga halaalaa argaa ture mooraa keessa turan yeroo isaan fudhatanii bahan hin agarre. BBC-Duubarraa waajirri Paartii Badhaadhinaa jira garas deemtanii turtanii? Boontuu: Garas deemuuf carraayyuu nuu hin kennine. Konkolaataa keenya marsanii turan. Meeshaa erga hiikkachiisanii namoota sadan erga fudhataniii nuun konkolaataa keessa gallee akka hin baane nu marsanii turan. Yeroo sadii konkolaataa keenya sakatta'aniiru. Kana gidduutti egaa dhukaasa dhageenye nuyi. Namni baqachuu jalqabe. Ergasii Poolisiin tokko du'uu dhageenye jechuudha. Mooraadhuma keessatti du'e. BBC-Ergasii maaltu ta'e? Boontuu: Dhukaasa sana aluma tokko dhageenye. Ergasii namni baqachuufi boohuu yoo eegalu nuti gara galmaatti fiignu reeffa namaa wayyaa militarii uffate wayiin arge. Minseensonni Humna Addaa Oromiyaa miseensa keenyatu du'e jedhanii boohaa turan. Sana booda saqqiifi kophee keenya nurraa baasanii konkolaataa isa birat labbas jedhamuun nu fe'anii gara Piyaassaa (Birbirsa Gooroo) bakka itti yakka qoratan kan Federaalaatti nu geessan. Haqa dhabuun hiree hidhamtoota Oromoo ta'eera BBC- Gaafasuma mana hidhaa isin geessanii? Boontuu: Eeyyen guyyaa Kibxataa galgala sa'aa 12'tti nu geessanii achuma bullee. Wanti nama ajaa'ibu kooridarii gidduu qilleensarra lafa bulle. Nama 26 turre nuyi. Dhiirris dubartiinis walumakeessa makamnee lafa bulle. Mana hidhaa Soostanyaa Poolisi Xaabiyaa bakka jedhamu, poolisiin federaalaa sadii meeshaa nutti qabeetu lafa bulle. BBC- Warri achi turtan eenyufaadha? Boontuu: Jawaar, Baqqalaafi Hamzaa kophaatti fuudhanii deeman. Achii eegdoota Jawaar namoota torba qophaatti fudhatan. Achii warra hafne ijoollee 26 kan achi bullee. Achii mana murtii Araadaatti geeffamnee galmee koo jalatti nama jahatu turee Poolisiin guyyaa 11 narratti gaafate. BBC-Obboleessa kee walliin bakka adda addaatti hidhamtanii? Boontuu: Eeyyen ani 'Federaal wanjal mirmaaraa' bakka jedhamun ture, isaanimmoo Gullallee mana barnootaa tokko keessatti hidhaman. BBC- Mana hidhaa keessatti wanni isin qunname jiraa? Boontuu: Wanti addatti na qunnamee, Abbaan kee akka as jirtu akka hin barree akka isatti hin mul'anne naan jedhan. Aniis kana gochuu hin danda'uun jedheen. Manni ani keessa jiru foddaa waan qabuuf karaa foddaa akka na argu gochaan ture. BBC-Maaliif kana godhan sitti fakkaata? Boontuu: Anaafiis gaaffiidha kun. Karaa foddaan arge Jawaariinis, Hamzaas Abbaakoos achiis akkan as jiru akka isaan beekan godhe. Guyyaa lamaan tokko karaa foddaa yeroon haasa'u na arganii achii na baasanii kutaa biraatti na geessan, isaan waliin akka wal hin argineef. BBC-Nama dararuun reebuun tureeraa wanti taajjabde jiraa? Boontuu: Gama kootiin wanni narra gahe hin jiru. Garuu matii koo wajjin wal argaa hin turre. Harmee koo hin dhuftii nyata natti kennitee deemti haasa'uun hin danda'amu. Kan mana murtiitti himeen ture. Manni murtii ajaja kennina jedhus isaan ajaja hin fudhatan. Guyyaa sadaffaatti haasa'uu dandeessa naan jedhanii, yeroo haasofnu Afaan Oromootiin hin haasa'iin naan jedhan. Ani Harmee koo wajjin Afaan Amaaraatiin haasa'aa hin turree. Maatii keessatti Afaan Amaaraan hin haasofnun jedhe. Namni nu dhagahu hin turre, Afaan nu beeknuun haasa'i nuun jedhan, kana kana faatu ture. Manni keessa turrees baayyee diilallaa'a. BBC-Tarii mana hidhaa keessa yeroo dheeraaf nan tura harmeen koo ni rakkattii yaaddoo jedhu qabaachaa turtee? Boontuu: Eyyen, baayyee nama dhiphisa ture. Tokkoffaa ani abbaa koo wajjiin achitti argamuun alatti waan balleesse hin qabu. Abbaan koo ammoo nama siyaasaati. Kana duras mana hidhaa ture, achii bahees qabsoodhumatti deebi'e ammas mana hidhaa jira achii bahees qabsootti deebi'a hanga Waaqni umurii kenneefiitti, hamma gaaffiin Oromoo deebi'utti. Kanassaarratti dabalamnee ammoo maatii tokko keessaa namni afur yeroo irratti dabalamnu ammoo harmee koorratti dhiibbaan isaa ni ulfaata. Umurii itti boqochuu qabdutti, hireen ishee galaa deddeebisuu yeroo ta'u namatti dhagaahama. Haalli nageenya isaaniis baayyee na dhiphisa ture. BBC-Obbolaa keewoo wanni addatti isaan qunname jiraa? Boontuu: Namoota 26 waliin hidhamne keessaa namni tokko Covid-19 qabamee ture. Inni adda baheera. Isaanis qoratamnii bilisa ta'aniiru. Harmeen keeny lafa isaan geeffaman waan hin beekneef baayyee rakkachaa turte. BBC-Akkamiin gadhiifamtan? Boontuu: Ani beellama qaba ture Kamisa sa'a booda. Gara sa'aa torbaatti dhufanii durbee Boontuu hin barbaadamta naan jedhanii gara waajiraatti na geessanii waraqaa mallatteesitutu jira naan jedhan. Waraqaa sana gaafan ilaalu maqaa koofi bakka jireenyaa, bilbila koofi waan akka kanaatu irra jira. Kan biraa waan ibsu hin qabu. Kanarratti mallatteessi naan jedhan. Mata-dureen isaa waraqaa mirga wabii jedha. Isarratti mallatteesseedhuman bahe. Obbolaa koo wajjiin manatti wal argine ani sa'aa torbattin bahee isaan gara galgalaa sa'aa 11 hiikaman. BBC-Harmeen keessan maal jedhan? Akka baatan eeganii turee? Boontuu: Harmeen keenyas nutis hin eegne. Beellama akka qabnu malee akka baanu hin eegne. Tasuma baane BBC-Abbaa keefii namoota siyaasaa biroo hidhaman maaliif kan hidhaman sitti fakkaata. Waan argiterraa? Boontuu: Jarri kun qabsaa'ota. Abbaan koo qabsaa'aadha, Jawaar qabsaa'aadha, Hamzaan qabsaa'aadha. Warri waliin turre ammoo maatii isaaniiti. Yakki dalagan wantii isaaniis nuunis gaafachiisu hin jiru. Rakkoon jiru rakkoo siyaasaati. Mootummaa mormuu sirna kana mormuurraan kan hafe yakki isaan dalagan hin jiru. Kan mana hidhaa isaan galchu yakki dalagan jiraatee osoo hin taane, ilaalchaan gargar bahuu isaniitu mana hidhaa isaan gahee jira. Wanta guyyaa sana dalagame wajjiin kan isaan gaafachiisu hin jiru.
oduu-49281230
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49281230
Sababootni ijoo Warraaqsa Diinagdee Oromoo 'duubatti harkisan' maali?
Waggoota muraasa dura mormiin ummataa Itoophiyaa keessumaa Naannoo Oromiyaa keessatti taasifamaa ture gaaffii guddaa kaasee keessaa tokko hacuuccaan siyaasaafi diinagdeetu jira kan jedhudha.
Baasiiwwan Odaa afur biyya kan seenan yo ta'u 46 kan ta'an buufata Jibuutii gahaniiru jedhu qondaaltonni Yeroo mormiin ummataa cimaa dhufetti qondaaltonni naannoo Oromiyaa bulchaa turan hayyuuleefi abbootii qabeenyaa waliin ta'un yaada Warraaqsa Diinagdee Oromoo eegalan. Dhaabbanni galma barbaadame kana akka gahuf hundaa'e immoo Waajjira Qindeessaa Qaamolee Misoomaa Mootummaafi Dhuunfaa (Public Private Partneship) jedhama. Itti waamamni isaa waajjira pirezidantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaaf yeroo ta'u yeroo ammaa Obbo Wayyeessaa Margaan Daarektara ta'un tajaajilaa jiru. Kaayyoon dhaabbata kanaa kan biraa hojii diinagdee mootummaafi ummata ykn invastaroota hirmaachisu dalaguu irratti hubannoo hawaasaa cimsuudha. Yaadni kuni 'gaheen Oromoon akka biyyaatti qoodni diinagdee keessa qabu gad-aanaadha,' kan jedhurraa madde. Kanaanis, ummanni walitti gurmaa'ee diinagdee xiqqoos taatu walitti qabu walitti fidee hojjetee jijjiiramuu qaba kan jedhurraa akka eegale qondaaltonni ni himu. Duubattii harkifatee? Akka Daarektara dhaabbilee Warraaqsa Diinagdee Obbo Wayyeessaan jedhanitti hojiin diinagdeedhaan ummata cimsuun kuni saffisa eegaleen itti hin fufne. Kanaafis sababni 'haala siyaasaa biyya keesa ture akkasumas ammas ammas hoggansi jijjiiramuudha.' Kunis, rakkoo biyya keessa dhalatun yaada hoggantootaa harkisuu isaa irraan kan ka'e akka ta'e eeran. Ta'us haallii jiru abdachiisaa ta'u himu. 'Ta'us cichomi hoggantoota siyaasaa yaada diinagdee eegalanii ammale cimaa ta'u' himu Obbo Wayyeessaan. Yeroo muraasaaf bakka amma Obbo Wayyeessaan turan kan hojjechaa turan Obbo Niwaay garuu yaada duubatti harkifate jedhuun wal hin galan. ''Lafumaa seera qabeessa godhanii baasuunu yeroo mataa isaa gaafata, lammatammoo sochii waggaa lamaan kana biyya keessa tures irraanfatamuu hin qabu,'' Jedhu. Dhaabbilee shanan keessaa xiqqoo duubatti kan hafe kan dhaabbata dhugaatii bishaanii Ambootti ijaaruuf yaadamedha. Kanas, saffisiisuuf hojjetamaa akka jiru dubbatu qondaalli. Gama kaaniin, hirmaannaan hawaasaa duubatti kan hafe akka ta'eefi dadammaqinsi akka barbaachisu eeran. Qooda ummataa hanqate Kaayyoon dhaabbilee kanaa ummataafi mootummaan walitti dhufanii diinagdee ijaaruu ta'us qoodni hawaasaa xiqqaatuu himu Obbo Wayyeessaan. 'Hirmaatera (ummanni) garuu ammallee hin hafa' jedhu. Kanaaf akka sababaatti qondaaltonni kan kaasan 'ummanni qarshii baay'ee qabu dhibuu isaati.' Ta'us, dhaabbilee hunda bira miti. Akka fakkenyaatti qoodni guddaan hawaasni bite kan geejjiba Odaa akka ta'e himu Obbo Wayyeessaan. ''Fakkeenyaaf Odaa namoota 9,000'tu qooda (sheerii) bitate. Kuni guddaadha,'' jedhan. Ta'us, qarshii waadaa seename walitti qabun rakkoo ta'u himu qondaalli kun. Mootummaan dhaabbilee kana keessa karaa dhaabbilee miisoomaa jedhamaniin qooda kan bitate yoo ta'u kaayyoon isaa garuu dhaabbileen kuni yoo ciman suuta suuta qooda isaa gurguraa keessaa bahuudha. Dhaabbilee kana keessa garuu qoodni kan ummataafi dhaabbilee qofa miti magaalaaleenis keessatti hirmaatuu Obbo Wayyeessaan dubbatu. Magaalaa Adaamaa, Buraayyuu, Amboo, Shaashamannee, Laga Xaafoo, Arsii Nagellee, Sandaafaa fi kaan keessa jiru. Dhaabbilee Warraaqsa Diinagdee Oromoo Shanan Dhaabbileen shan kaka'umsa Warraaqsa Diinagdee Oromoo waggaa lama dura taasifamen kan hundaa'anidha. Dhaabbilee kanneen keessaa kan hojii jalqaban jiru, kan jalqabbiirra jiranis jiru. Konistiraakshinii Walaabuu Dhaabbanni kuni damee shan of jalaa qaba. Damee konistiraakshinii, kan galtee ijaarsaa (konistiraakshinii) dhiheessu, kan galteewwan kana raabsu, akkasumas ijaarsa manneenii (Real State) of keessaa qaba. Konistiraakshiniin Walaabuu namoota 5,000'f carraa hojii uumuu himu qondaaltonni Dameewwan kana keessaa konistiraakshiniin hojii eegaleera. Godina Arsii Lixaa magaalota Shaashamanneefi Bulbulaatti paarkii indastirii qonnaa kontiraaktarummaan ijaaraa jira. Kana dura MM Abiy Ahimadiifi yeroos pirezidantii Oromiyaa kan turan Obbo Lammaa Magarsaa dhaqanii daawwatanii turani. Wanti guddaan waa'ee kaampaanii kanaa namoota hojjetani bulanif hojii kennuu ta'u Obbo Wayyeessaan himu. ''Gara nama 5,000 qacaruu danda'eera. Kuma shan jechuun nama salphaa miti,'' jedhan. Namni keessumaa dargaggoon waan hojjete bulu argamsiisuun kaayyoo warraaqsa diinagdee eegalame keessaa tokkodha. Kaappitaala itti hundaa'e: Miiliyoona 320 Kaampaanii Dhugaatii Keenyaa Dhugaatiiwwan adda addaa kan alkoolii qabaniifi hin qabne, akkasumas bishaan akkasumas aannan akka oomishuuf yaadame. Dhaabbilee shanan keessaa kan kaappitaala guddaan hundaa'e kana. Namoonni 5,000 ta'an guyyaa tokkotti qooda bitani kan xumuran yoo ta'u gosa dhugaatii hunda juusiifi dhugaatii humna kennu dabalatee oomishuuf yaada qaba. ''Gosa oomisha saddeeti ol qabaata gaafa humna guutuun hojiitti seene'' jedhu Hojii Gaggeessaa Oomisha dhugaatii Keenyaa Obbo Niwaay Magarsaa. Bakki ijaarsi taasifamaa jiru Godina Shawaa Lixaa Naannoo Gincii yeroo ta'u lafa hektaara 100 olirratti ijaarama jedhamee kan yaadame. Dhaabbilee Warraaqsa Diinagdee keessaa kan kaappitaala guddaan hundaa'e oomisha dhugaatii Keenyaadha Dhihoos ijaarsi isaa kaampaanii biyya Jarman Biriiw Teek jedhamuuf akka ji'a 24 keessa ijaare xumuru waligalteen taasifameera. Kanaafis qonnaan bultoonni garbuu oomishanii akka galii argatan gochuu, dargaggoota akka oomisha raabsan gurmeessuu dabalatee dhabbata kanaan kaanis akka yaadame himu Obbo Niwaay. Kaappitaala: Qarshii biiliyoona 1 fi miiliyoona 500 Oomisha Maashinii Qonnaa Keenyaa Hojiin isaa guddaa galtee qonnaa kan ta'an keessumaa tiraaktarii dhiheessuudha. Meeshaalee tiraaktara tolchuuf oolan alaa galchuun biyya keessa supha. Shaashamanneetti kan hundeeffame yoo ta'u baasii sharafa biyya alaa qusachuuf yaadameera. Oomisha tiraakteraa kan eegale yoo ta'u dhihoollee Pirezidantiin Itti - aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa daawwatanii turan. Obbo Niwaay akka jedhanitti immoo dhaabbatichi, ''Tiraaktera addunyaa irratti beekamuufi Joondir jedhamu 60 qonnaan bultootaaf hireera. Amma immoo tiraaktara 354 biyyatti galchee walitti suphaa jira .'' Kaappitaala: Miiliyoona 50 Aquwaa Amboo Invastimantii oomisha bishaanii naannoo magaalaa Amboo oomishuu kan kaayyeffate yoo ta'u lafni ijaarsa kanaaf oolu argameera jedhu qondaaltonni. Dhaabbilee Warraaqsa Diinagdee keessaa kan duubatti harkise Akuwaa Amboodha 'Wanti hafu waldaalee IMX qindeessuudha,'' kan jedhan Obbo Wayyeessaan beenyaa kanfalanii lafa argachuun xiqqoo akka harkifatu akka taasise himu. Kaappitaala: Miiliyoona 60 Geejjiba Odaa Kaayyoon isaa konkolaattota biyya alaatii fidun tajaajila geejjibaa kennuu, boba'aa alaa fidanii raabsuu, akkasumas suphaa konkolaataa (garaajii) irratti ni hojjeta. Akkaatuma kanaan konkolaattonni 50 biyya Biraaziliiti kan bitame yoo ta'u isaan keessaa 46 Jibuutii yeroo gahan 4 Itoophiyaa gahaniiru. Kanaafis konkolaachiftoonni 150 ta'an kan mindeeffaman yoo ta'u yeroo ammaa leenjirra jiraachuu Obbo Wayyeessaan BBC'tti himaniiru. Yeroo dhihoottis hojii eegala jedhamee yaadama. Dhaabbata geejjiba qindaa'aa odaatti ittigaafatamaa damee geejjibaa kan tahan obbo Eebbisaa Shibashii, baasiiwwan Odaa dhaabbata biyya Iswiidin Volvo'tin Biraazitti Omishamee jedhan. Gatii baasii tokkoo hanga birrii miiliyoona saddeetii kan tilmaamamu yoo ta'u baasiiwwan 50 kana bituufis birriin miiliyoona 400 tti siqu bahuu eeran. Tikkeeta onlaayinii kutuuf kan yaadame yoo ta'u kanaanis dorgomtoota kaan irra aanuuf yaadaniiru. Akkaataan bittaan itti raawwates adda ta'u himu Obbo Shibashiin. Kunis kan oomishaman bituurra ''baasiiwwan kanneen dhaabbata omishu bira deemnee teessuma lafaa fi qilleensa biyya keenyaa waliin akkaataa mijatuun akka hojjetaman goone" jedhan. Meeshaa jijjiirraa konkolaataa akka hin rakkanneef immoo ''yeroo caalbaasii baasnu kan waggaa tokkoof ta'u waliin waan baafneef isa waliini bitneeti kan galchaa jirru,'' jechuun dubbatan. Kaappitaala: Miiliyoona 400 Tumsaa waliin hidhata qabaa? Dhaabbilee kana dura naannoo Oromiyaatti hundaa'e keessaa tokko kan ta'e dhaabbanni misoomaa Tumsaa jedhamu waliin dhaabbileen Warraaqsa Diinagdee hidhata qabaachu gaafanneerra. Obbo Wayyeessaan garuu homaa walitti dhufeenya hin qabu jedhu. 'Hanga ammaatti qooda hinqabu' jechuun ibsu. Warraaqsi Diinagdee kuni erga eegale waggaa lama yoo ta'u hojiin mootummaan ummata waliin diinagdee cimsuuf hojjetu biyyaaf haaraa akka ta'e labsiin illee dhihoo akka bahe himu qondaalli.
oduu-43722144
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43722144
Zukarberg: Feesbuukiin 'dorgommi hidhannoo' Ruusiyaa waliin godhaa jira
Hogganaan olaanaa feesbuuk kan ta'an Maark Zuukeerbeerg dhabbanni isaanii waraana dhabbilee Ruusiyaa midiyaa hawaasaa dhunfachuu barbaadanii waliin lola dhabbatarra jiraachusanii kongresii Ameerikaatti himan.
''Kun dorgommi waraanaati. Dorgommiin kunis cimee itti fufaa kan demudha,'' jechuunis dubbataniiru. Zukeerbeerg kana kan jedhan, badii Kaambriij Analytikaan raawwate ilaalchisee gaafii dhihaateef deebii wayita kenanitti ture. Itti dabaluunnis hojii waliin dhahuu Ruusiyaan yeroo filannoo bara 2016 hojjette jedhamee illaalchisees abukaatoo olaanaa qorannoo kana kan ta'an Roobeert Muuleer, hojjettoota Feesbuuk gaafatanii akka turanis ifa godhaniiru. Xumura maxxansa Twitter, 1 Gaafii wajjira Muuleeriin godhame kana keessa isaan akka hinturrees dubbataniiru. Haa ta'u malee ''hojiin abukaatoo olaanaa kana waliin taasifnee iccitiidha, kanaafuu bakka akkanaatti iccitii akkanaa gadbaasee haasa'uu hindanda'u.'' jedhanirus.
oduu-51328971
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51328971
Miseensi paarlaamaa jabina ibsuuf haadholii warraa isaanii paarlaamatti dhiyeessan
Miseensi Paarlaamaa Naayijeeriyaa Alhaassan Adoo Doguuwaa Mana Maree Bakka Bu'ootaatti haasaa muudama booda dubbataniin ''akkuman asitti cimaa ta'e manattis cimaa dha'' jechuun haadholii warraa afur qaban Paarlaamaatti dhiyeessan.
''Haadholiin warraa koo afur kun ijoollee 27 naa dahaniiru ammas lakkaahuutti jirraa'' jechuun dubbatan. Haasaa isaanii kanaan maqaa haadholii warraa isaanii dhahanii mana marichaa keessatti akka dhaabatanii of agarsiisan afa yaa'iin akka hayyamuuf gaafataniiru. Manichis yoo isaan ''manattis cimaa dha'' jedhanii dubbatan kolfaan guutame. ''Miseensonni Paarlaamaa nama cimaa naan jedhu, animmoo mana maree keessatti qofa mitii manattis haadha warraa afur waanan bulchuuf nama jabaadhan jedha'' jedhan Doguuwaan. Viidiyoon haasaa isaanii kana mul'isu twiitara gubbaa gadhiifamee namootni baayyen irratti yaada kennaa jiru. Doguuwaan Kaaba Naayijeeriyaa kutaa biyyaa Kaanoo jedhamutti filatamanii paarlaamaatti makaman. Bakka Miseensi paarlaamaa kun itti filatamanitti dhiirri tokko haadha warraa hedduu qabaachuun baratamaa dha. Dhiyeenya kana kutaa biyyaa Kaanootti hoogganaa Amantaa Islaamaa kan ta'an Sanusi Lamido Sanuusi hadha warraa hedduu qabaachuun Kaaba Naayijeeriyaatti ''hiyyummaa fi duubatti hafummaaf sababa ta'eera'' jechuun dubbatanii ture.
oduu-51695196
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51695196
Ameerikaatti yeroo jalqabaaf koroonaavaayirasiin lubbuun namnaa darbe
Ameerikaa Waashingitanitti yeroo jalqabaaf namni tokko lubbuu dhabuun gabaafamee jira.
Tiraamp ''Wantu nunaasisu hin jiru" Namichi lubbuu dhabe jedhame kan ganna 50 keessa jiruufi dhukkuboota biraas qabudha jedhameera. Biyyattii keessa namonni biroo vaayirasichaan qabaman jiraachuu akka malan kan himan Tiraamp, biyya kamiyyuu caalaa qophoofnee jirra jedhaniiru. Awustiraaliyaanis nama tokko du'aan dhabuushee beeksiftee jirti. Namichis umuriin isaa ganna 78 doonii 'Diamond Princess' jedhamtu keessa kan ture ta'uun beekameera. Namoonni 3,000 ol amma yoonaatti vaayirasii kanaan lubbuu akka dhaban DhFA beeksisee jira. Namichi gara balaan vaayirasichaa itti jirutti akka hin imalle kan ibsame yoo ta'u, kanumarraa ka'uun bulchaan Waashingitan labsii yeroo hatattamaa labsanii jiru. Kaalifoorniyaa, Ooreegan fi Waashingitanitti namoonni gara vaayirasichi baay'atutti hin imalle mallattoo agarsiisuu isaaniitiin yaaddoon uumameera. Bakka bashannanaa maanguddootaa Waashingitanitti argamutti namoonni lama mallattoo agarsiisuu isaaniitiin gara dhaaba fayyaatti geeffamanii jiru. Kanneen hafanis qorannoon taasifamaafii jira. Amma yoonaatti namoonni 62 Ameerikaa keessatti vaayirasichaan qabamuun isaanii beekamee jira. Iraan Chaayinaatti aanuun biyya lammiilee hedduu dhabdedha.
oduu-53032714
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53032714
Diinagdee Itoophiyaa: Waldhabdee Rizoortii Soodaree fi Mootummaa
Dokumantariin OBS fi OMN irratti darbe eenyummaa Obbo Dinquu waan hin ibsineef kan WALTA kuni akka hojjetamu ta'e, Bulchaa Godinaa.
Riizoortiin Soodaree akkamitti cufame? Riizoortiin Sodaree sababa waldhabdee Mootummaa, hawaasa Naannoo fi Rizoorticha gidduu jiruun erga cufamee baatiin sadi lakkaahameera. Gorsaa seeraa Obbo Dinquu Dayyaasii fi Abukaatoon dhaabbilee isaanii Obbo Gammachuu Guutamaa Rizoortiin Soodaree akeekkachiisaa fi halduree tokkoon alatti qaama mootummaa cufuufillee aangoo hin qabneen akka cufamu ta'e jechun himatu. "Riizoortiin kuni hoteela guddaadha qabeenya hedduutu nyaataaf kuusaa keessaa qaba. Qabeenyi hedduun kan yeroo gabaabaa keessatti kan badudha. Akeekkachiisa tokkoon alatti waajjirri daldalaa aanaa Adaamaa saamsee deeme" jedhan. Bulchiinsi Godina Shawaa bahaa ammoo Rizoortiin Soodaree sababa qonnaan bultoota naannoo humnaan buqqisee fi galii mootummaan argachuu malu dhabsiiseef akka cufamu murtaa'e jedha. Bulchaan Godinichaa Obbo Halakaa Simbirruu dhaabbanni Sodaree cufamuudhaan dura kaffaltii irraa eegamu akka kaffaluuf xalayaadhaan beeksifamaa turus raawwachuu waan dideef cufame jechuun himan. "Abbaa qabeenyaa keenya jajjabeessuu qabna dafnee tarkaanfiitti hin gallu jennee obsaa turre. Dhaabbatichi garuu harkifannaa keessaa bahu hin dandeenye. Kanaaf akka cufamu ta'e" jechuun himan. Waajjirri Galiiwwanii Aaanaa Adaamaa Riizoortiin Soodaree kuni gibiraa fi taaksii irraa eegamu waggootaaf kan hin kanfalin ture hanga miiliyoona 100 fi miiliyoona 56 ta'u akka irraa qabu ibsee ture. Dhaabbantichi garuu erga hundaa'erraa taaksii irraa eegamu kafalaa turuu fi hamma irraa eegamu hin kanfalle taanaan ammoo dadhabina waajjira galiiwwanii yoo ta'e malee seeraan gaafatee kanfalchiisuu inuma dandaha ture jedhan Obbo Gammachuun. Komii qonnaan Bultootaa Obbo Tufaa Badhaadhaa Qonnaan bultoota qabiyyee kiyyatti Rizoortiin Soodaree balateera jedhanii komatan keessaayi. Lafa amma Riizoortiin Soodaree itti babal'ifannaa hojjechuu jalqabe kanarratti ragaa abbaa qabiyyummaa lafaa akka qabanii fi itti fayyadamaa turuus eeran. "Lafa kana mootummaa Dargii keessa hirmaatan maatii keenyaaf kan kennamedha. Lafti kuni gara caalaan isaa lafa jal'isiiti.Erga riizoortiin kuni dhuunfaatti gurguramee amma marsaa sadaffaa lafti keenya dhiibamaa jira" jedhu. Obbo Aabbuu Botee fi Aadde Loomii Roobalees lafa kana osoo nun amansiisin bifa humnaan deeggarameen nurraa fudhatamee gara qaama seeraatti iyyachaa turre jedhu. "Lafti kuni bara dargiituu kan abbaa kiyyaa ture. Daangaa Soodareetiin ala. Garuu abbaan qabeenyaa kuni namoota kaan qarshiidhaan goyyomsuudhaan daangaa isaa keessa waan jirtaniif gadhiisaa bahaa jedhamnee doorsifamaa turre.nutimmoo lubbuu keenya irratti dhabna malee jennee didne" jedha Aabbuun. Obbo Dinquun Qaamaan qonnaan bultoota kanneen bira deemuun mariisisuu fi beenyaa mootummaan kanfaluun qixa akka nuuf kanfalan nutti himanis wayita kanfaltiin raawwatamu garuu hamma jedhameen gadi nuuf kennanis jedhu. Qonnaan bultoonni kunneen Lafa jal'isiitiif beenyaan abbaan qabeenyaa kuni nan kenna jedhe bu'aa lafa kanarraa argannuun waan wal hin gitneef iyyachuuf dirqamne jedhan. "Abbaan qabeenyaa kuni lafa jal'isii ittiin maatii keenya jiraachifnu kana gatii madaalaawaa ta'ee fi karaa seera mootummaa eegeen yoo nuuf kanfalan misooma hin jibbinu. Kan nuti didaa jirru waan humnaan deemamuu fi faayidaa keenya miidhaa jirudha" jedhan. Qabiyyeen Soodaree hagam ture? Riizoortiin Soodaree yeroo dhaabbilee misooma Moootummaa irraa gara dhuunfaatti darbu qabiyyeensaa hagam ture, kan jedhu gaafachuuf qaamaan waajjira lafaa Aaanaa Adaamaa wayita deemnee gaafanne waajjiricha ragaa lafa kanaa akka hin qabne nutti hime. Bulchaan Godina Sahwaa bahaa Obbo Halakaa Simbirruu, Riizoortiin Soodaree wayita gara nama dhuunfaatti gurguramu ragaa guutuun qabiyyeen isaa haga kana jedhu qulqullaa'ee waan hin ibsamneef rakkinichi achirraa kan jalqabudha jedhu. "Yeroo rizoortiin kuni gurguramu qabatamaatti kan lafarra jiru maali jedhamee osoo hin ilaalamin caldhifamee gurgurame. Seenuma gaafa jalqaba hundaa'etiin darbe. Dhugaan lafarra jirummoo sanirraa adda.ka'umsi rakkoo kanaa asiiyi"jedhan. Qabiyyeen lafa Soodaree hangana kan jedhu bulchiinsi lafaas ta'ee bulchiinsi Godina Shawaa bahaa ragaa qabatamaa akka of harkaa hin qabnes himan. Ta'us waggoota soddomaa fi Afurtma darbe kanatti qonnaan bulaan itti fayyadamaa turee fi ragaa abbaa qabiyyummaa qabu jiraachuu nibeekna jedhu Obbo Halakaan. Yeroo ammaattis dhaabbata kana ilaalchisee aanaadhaa hanga biiroo Invastimantii Oromiyaatti wanti beekamuu fi waliigalteen taasifame tokkoyyuu hin jiru jedhan. Gorsaa Seeraa Obbo Dinquu Dayyaasaa fi Abukaatoon Dhaabbilee isaanii Obbo Gammachuu Guutamaa ammoo Riizoortiin Soodaree gaafa bitamu sanada Guutuu waliin waan ta'eef qabeenyichi hangam akka ta'e nuti ofharkaa qabna jedhan. "Soodareen gaafa jalqaba caalbaasiidhaaf dhihaatee bitamu lafa Hektaara 427. Lafa baay'ee bal'aa ta'edha kan bitame. Soodareen hanga har'aattuu lafa bite hektaara 427 kana keessaa harka 40 caalaayyuu hin fayyadamne. " jedhan. Yeroo bara 2003 bittaan kuni raawwatamutti lafti bitame hektaara 427 ta'us qonnaan bultoonni laficha keessa qubatan jiraachuus hin haalle. Qonnaan bultoonni lafa Soodaree keessa qubatanii jiran kunneen garuu bifa lama ta'uu eeran Obbo Gammachuun, "Isaan yeruma soodareen harka mootummaa tureyuu achi keessa qubatan nijiru. Kaanimmoo erga soodareen gara dhuunfaatti jijjiiramee beenyaa argachuuf achitti galan nijiru.silaa erga gurguree jalqaba qonnaan bultoota kanaaf beenyaa kanfalee achirraa kaasuun dirqama mootummaa ture" Jedhan. Soodareen qabiyyee mootummaarraa bitateen ala bahee qonnaan bulaa buqqise akka hin jirree fi miidhamni qonnaan bulaa irra gahes ka'umsi mootummaan dirqamasaa bahu dhabuurraa madda jedhan. Komii bulchiinsi Godina Shawaa bahaa dokumentiiwwan waa'ee Riizortii Soodaree ibsan nabira hin jiru jedhu kan ilaaleenis, "Dhuguma dokumentiin kuni isaan bira jiraachuu dhiisuu mala. Bittaa fi gurgurtaan dhaabbilee misooma Mootummaa Federaalani kan raawwatame waan ta'eef. Garuummoo bulchiinsi godinaa ragaa kana walitti qabachuu inuma dandaha ture. Waan ragaa gahaa hin qabnu jedhuuf cufuun garuu sirrii miti" jedhan. Kaffaltii Gibiraa fi Taaksii… Mootumaan dhaabbanni Soodaree erga bitamee jalqabee taaksii irraa eegamus sirnaan kanfalaa akka hin turre himuun kuufama maallaqaa dhaabbaticharraa qabu hanga kaffalutti saamse. Qaamni mootummaa kan galii sassaabu waggoota hamma kanaaf callisee akkamitti ilaalaa ture? Obsi waggoota dheeraa amma maaliif tarkaanfiitti cehe? Bulchaan Godinaa Obbo Halakaan kuufamni waggoota dheeraa obsa mootummaan agarsiise ta'us hanqinni hojmaata mootummaas rakkoo gama biraa ture jedhu. "Gama mootummaatiin waggaa saddeet sagal osoo gibira hin kanfalchiisin turuun waan ta'uu hin malle. kuni rakkoo caasaa mootummaati. Ta'us yaaliin tureera. Aanaan humna kiyyaa oli jedhee Oromiyatti barreessaa ture. Yeroodhaan tarkaanfii fudhachuu dhabuun rakkooma gara mootummaati" jedhan. Dhaabbanni Soodaree garuu waggaa waggaadhaan waan irraa eegamu kanfalaa turuu fi heeyyamni daldalaas waggaa waggaan haaromsee qabaachuu eera. Taaksii hin kanfalamne, dhalaa fi adabbii miiliyoonotaan lakkaahamu waajjirri galiiwwanii Riizoortiin soodaree hin kanfalle jedhu kuni garuu dhaabbatichi waan beeku akka hin qabne himan. Dhimma Dokumantarii Yeroo ji'atti dhihaatuun dura OBS fi OMN irratti dokumantariins seenaa Obbo Dinquu Dayyaasaa irratti xiyyeefate uummata bira gahee ture. Dokumantariin kuni seenaa obbo Dinquu ijoollummaadhaa hanga ammaa jiru milkaa'inaa fi arjoomina isaanii irratti kan fuullefate ture. Torbee kana keessa ammoo miidiyaa WALTA'tin dokumantariin dhoksaa Riizoortii Sodareetin duuba jiru jedhu uummata bira gaheera. Bulchaan Shawaa Bahaa Obbo Halakaan dokumantariin OBS fi OMN irratti waa'ee Obbo Dinquu Dayyaasaa Darbe dhugaa jiru kan hin mul'isne waan tureef WALTA dhaan dhugaa jiru akka mul'atuuf hojjetame jedhan. "Dokumantariin OBS fi OMN irratti darbe ergaa namni kuni nama sabboonaa , kan sabaaf dhaabbatu akka ta'ee fi ta'e jedhamee miidhaan irratti deemaa jira ergaa jedhu kan qabudha. Wanti kuni uummata biratti burjaajii akka hin uumneef dhugaa jiru akka beekamuuf inni kuni hojjetame" jedhan. Gorsaan seeraa Obbo Gammachuun garuu Dokumantariin Walta dhaan Hojjetame kuni dhimma seeraan manni murtii qabatee jiru irratti dhiibbaa uumuuf kan hojjetamee fi seera miidiyaallee kan cabse ture yaada jedhu qabu. "WALTA'n miidiyaa eenyuu akka ta'e nibeekama. Kanaafuu abbootiin seeraa waan kana ilaalanii hagam qulqulluu ta'anii hojjetan kan jedhu baayyee nu yaaddessa. Fuuldurattuu dhimma keenyarratti haqa arganna jennee yaaduuf nirakkanna. Gocha sirrii hin taane sirrii fakkeessuuf waan hojjetamedha" jedhan. Sodareen erga cufamee ji'oota sadan darban kanatti qabeenya achi keessatti qisaasamuun alatti galii argachuu malu tilmaamaan hanga miliyoona 15 ta'u akka dhabsiifames Obbo Gammachuun BBC'tti himaniiru.
oduu-55010102
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55010102
Hambaa foolii bara durii akkamiin deebisuu dandeenya?
Fakkiiwwan kanneen akka Monaa Lizaa daawwattoota miiliyoonaan lakkaa’aman hawwatu.
Akkuma fakkii Lii’onaardoo Daavinchii kana ilaallee dinqisiifannu jaarraa 16ffaa keessa Xaaliyaanitti yeroo fakkiin kun kaafamu foolii ture suufuu otoo dandeenyee hoo? Gareen qorattootaa Awurooppaa daawwannaa Godaambaa kan ammaa caalaa bashannansiisaa gochuuf waggaa sadan dhufan keessatti foolii barbaachisoo ardichaa kan jaarraa 16ffaa adda baasuun walitti qabuun kaayyoo isaanii isa tokko dha. Piroojektiin Odoorooppaa jedhamu kun maallaqa miiliyoona 20 kan Gamtaa Awurooppaa irraa argameen kan deeggaramu yoo tahu ogeessota 20 hirmaachisa. Kunneen ogeessota seenaa foolii, ogeessota shittoo, hayyuuwwan keemikaalaa saayintistoota koompiitaraa fa’i. Kaayyoon biraa piroojektii kanaa Insaayikiloopiidiyaa hambaa foolii hundeessuu dha. Dalagaan kun foolii yeroo ammaa barreeffamaan qofa ibsamanii jiran teeknolojiin deeggaramanii akka haaraatti kalaquu dha. Fooliiwwan walitti qabuu yaadan kunneen urgooftuu mootittii Meerii Antooniyeet, warraaqsi Fireench otoo hin jalqabiin dura turtee, fi aara ykn qilleensa yeroo warraaqsa indastirii warshaa keessaa bahu dabalata. Arkiyoolojii foolii ''Galmi piroojektii kanaa foolii bara durii ture argachuu dha,'' jedhu ogeessi seenaa aadaa lammii Daach Ingar Liimaans, kan Odoorooppaa hogganaa jiran. ''Fooliin muuxannoo nuti addunyaa kanarratti qabnu irratti dhibbaa taasisullee, waa’eesaa odeeffannoo xiqqoo qabna,'' jedhu. ''Fooliin daddafee waan geeddaramuuf, battaluma irraanfatama. Kanaaf akkattii kunuunsuu fi kuusuu qabnu yaaduu qabna,’’ jedhan Hojiin kun Amajjii keessa jalqaba. Ogeeyyiin fooliiwwan kunneen baruuf kitaabota, galmeewwan seenaa, hojii aartii fi kuusaawwan godambaa jiran teekinolojii fooliiwwan kunneen afaanota torbaan hubatuun deeggaramuun hojjetu. Wiiliyaam Taaleet UKtti qorataa seenaa Yunivarsiitii Angliyaa Raaskiin yoo tahan, piroojektii kanarratti hirmaatu, fooliin faayidaa akka qabu yeroo weerara Covid-19 caalaatti barame jedhu. ''Fooliin jireenya keenya guyyuu keessatti barbaachisaadha - kanammoo sababa weerara kanaan yeroo namoonni suufuu dadhaban hubanne,’’ jechuun BBCtti himan. ''Waan gochuu barbaannus fooliin sun qaama muuxannoo ilma namaa tahuusaa beekamtii kennuufi kuusuu dha. Garuu foolii durii attamiin har’atti as fiduu dandeenya? Ogeessi seenaa aadaa Yuuniversitii Varji, Pirofeesar Leemans haala ittiin waan kana hojjechuun danda'amu wayita ibsan: Ogeeyyiin keemistirii foolii wantoota durii irratti odeeffannoo kan qabanii fi sanarraa ka'uunis caasaa keemikaalawaa isaa xiinxaluu ni danda'u. Gama kaaniin ammoo haalaa fi amala wantoonni keessa turan irraa ka'uun, fooliin akkamii akka ture baruun ni danda'ama. "Dhimma kana adda baasuuf urgooftuuwwan xixiqqoorraa hanga qilleensa waliigalaa magaalaatti deemuun ni danda'ama,'' jedha akkaadaamiin Daach. Beekumsi akkanaa kun ammoo milkaa'ina pirojektii 'Odeuropa' jedhamuuf haala mijeessa. Kaayyoon pirojektii kanaa ogeeyyiin keemistirii fi foolii wantootaa, foolii bara durii erga deebisanii argatanii booda, godambaawwan Awurooppaa keessatti akka daawwatamu gochuudha. Qorattoota Pirojektii kana keessatti hirmaatan keessaa tokko, gameessa seenaa aartii Daach kan taate Kaaroo Verbeek. Isheenis miira fooliitiin muuxannoo wagga 20 qabdi, xiyyeeffannoon hojiishees dhimma foolii wantootaa irratti hojjechuu ture. Verbeek waahillan ishee waliin ta'uun, foolii meeshaalee godambaa hedduu abuuruun deebisuu dandeesseetti. Kan bara waraana Waterloo kan bara 1824 raawwatee dabalatee jechuudha. ''Fakkeenyaaf wayita waraana 'Waterloo' foolii baarudaa fi dhoqqeen walmakate, akkasumas fardaa fi uffata leezarii maal akka ture baruu dandeenya. Kana namoonni foolii mukarratti hafeen baruu danda'u,'' jechuun BBC'tti himte Verbeek. ''Kun akkaataa namoonni hojii aartii itti ilaalan kan jijjiireedha. Namni hunduu kan dinqisiifatuudha. Fakkeenyaaf nama gurri hin dhageenye yaadi.'' Verbeek akka amantutti pirojektiin Odeuropa yaada kana kan jajjabeessuudha. ''Namoonni hedduun yeroo ammaa seenaa durii foolii fuuchuu eegalaniiru,'' jettee amanti.
45279967
https://www.bbc.com/afaanoromoo/45279967
Imaammata barnootaa: Imaammata afaanii sirrii ta'e qabaachuun ni dursa
Ministeerri barnootaa imaammata barnootaa biyyattii fooyyessuuf waggoota lamaan darban qorannoo qorachiisaa erga turee booda, bu'aa qorannoo isaarraa ''road map'' qopheesse irratti mariin gaggeefamaa jira. dhimmi Afaan banootaa wajjin walqabe dubbii ijoo ta'eera.
Dookumantiin akka wixinee imaammata haaraatti dhiyaate kun Kenninsa barnootaatiin Afaan dhalootaa, Afaan hojii federaalaa, Afaan kan biraa tokko fi Afaan Ingilizii hojiirra akka oolan gaafata. Afaan Ingiliziifi Afaan hojii Federaalaa kutaa tokkoo qabee akka kennamus ni eera barreeffamni qophaaye kun. Wixineen kun sadarkaa mariirra kan jiru ta'uus naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Amaaraa kutaa 1ffaa qabee akka kennamu yaada dhiyeetarraa koomi qabaachuu, kaan ammoo Afaan Oromoos Afaan hojii Federaalaa ta'ee akka fudhatama argatu miidiyaalee hawaasummaarratti haasa'aa jiru. Namoota qorannoo bu'uura wixineee imaammata haaraa ta'e kan keessatti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Dr Faqqadaa Tuli Afaan Oromoos akkuma afaan Amaaraa carraa naannoolee hunda keessatti kennamuu qabaachuu eeranii, wixineen kun imaammata ta'uun dura wanti heddun fooyya'uu mala jedhaniiru. Ogeeyyiin Afaanii fi imaammataa tokko tokko imaammata barnootaa fooyyessuun dura imaammata Afaanii sirriin akka biyyatti ifatti jiraachuu qaba yaada jedhu kaasaa jiru. Imaammata barnootaa fooyyessuumoo imaammata afaaniitu dursa? Imaammata barnootaa fooyyessuun dura imaammata afaanii sirrii ta'e qabaachuun barbaachisaadha jedhu hayyuun imaammataafi ogeessi seeraa Dr. Birhaanemesqel Abbebe Sanyii. Yeroo dheeraaf ogeeyyii Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa akka ta'u dhiibbaa uumaa turan keessa adda durummaan kan eeraman ogeessi kun sababoota hedduu yaada isaanii deeggarus kaahaniiru. Heera biyyittiirra seerrii Afaanii lafa kaawamee jira kan jedhan Dr. BiraanaMasqal, ''Itoophiyaan imaammata Afaanii barreefamee akka imaammataatti lafa kaahame hin qabdu'' jedhu. Afaan Amaaraa Afaan hojii federaalaa akka ta'eefi naannoolee hundatti afaan dhalootaa afaan hojii nannolee akka ta'u heerri biyyattii kan eeru ta'us, imaammatni Afaanii akka biyyatti waan heera biyyattiirra jiru qulqulleesse ibsu garuu jiraachuu qaba jedhu. ''Amma kan gaafachaa jirru Afaan Amaaraa fi Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa ta'anii imaammatni afaanii ifa ta'es akka jiraatu dha'' jedhu. Afaanoonni lameen baayyina nama afaanota kan dubbatuun, gaheen afaanichi sochii diinagdee biyyaa keessatti qabu, heddummina aadaa afaanota kanaan calaqqifamanii fi tokkummaa biyyaaf gahee olaanaa bahuu akka sababaattis ni kaahu. Imaammatni Afaanii Afaan hojiin baruuf barsiisuun itti ademsifamu qofa osoo hin taanee, afaan qunnamtii uummataa fi mootummaa akkasumaas dhaabbilen tajaajilaa kennan itti dhimma bahan waan murteessuuf isatu dursuu qabas jedhu. Afaan manneen barnootaa kan murteessu manneen barnootaa fi ministeera barnootaa osoo hin taane mootummaadha kanaaf immoo imaammatnii fi seerri ifatti kahem jiraachuu qabas jedhu. ''Imaammatni barnootaa kan bahuun isarra jiru imaammata Afaaniirratti hundaa'uunis'' jedhu. Dookumantiin akka wixinee imaammata haaraatti dhiyaate Kenninsa barnootaatiin sadarkaa 1ffaatti Afaan dhalootaa, Afaan hojii federaalaa, Afaan kan biraa tokko fi Afaan Ingilizii hojiirra akka oolan gaafata. Afaan kan biraa tokko hariiroo uummatootaaf kan jedhu sun Afaan Oromoo jechuufi moo miti kan jedhu ifa akka hin taane himaniiru. Itti fayyadama Afaaniirratti hanqinni iftoominaa dookumantiin imaammata barnootaa haaroomsuuf dhiyaate kun qabu kan maddus jiraachuu dhabuuu imaammata Afaaniiraati jedhaniru.
oduu-48292569
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48292569
Waggaa 30 har'aa...xiyyaarri Koloneel Mangistu attamiin hin gubatiin hafe?
Guyyaansaa Kibxataa, waggaa 30'n har'a. Addeessi gaafas baate 'xaafii nama haamsifti' jedhan Kolenel Kaasaaye Taaddasaa. Guyyaa dhiphinaa sana akka kaleessaatti yaadatu.
Waggaa 30'n har'aa, ALI Caamsaa 8 biyyaatii keessatti waan cimaa tokkotu ta'e ture. Dimshaashumatti waanti gaafas ta'e 'ajaa'ibuma' jechu wayya ta'a. Jeneraal Mari'id Niguse ajajaan Itaamaazhurii Humna Ittisaa, guyyaa itti of ajjeessan ture. Jeneraal Mari'id ilaalchisees seenaa wal dha'aatu jira. Shaambal Iyyoob Abaate yeroo sanatti miseensa tika nageenya loltummaa turan. Fonqolcha motummaarratti qorannoo taasisaniiru. Du'a janaraal Mari'id ilaalchisees seenaa adda ta'e qabu. Wayita sanatti bira kan tureefi gonkuma maqaansaa akka hin himamne kan gaafatee loltuun eegduu addaa natti himeera jechuun BBC'tti akka himaniitti, janaraal Mari'id ofiitti dhukaasanis lubbunsaanii battalumatti hin baane. Ambulaansiin waamamee dhufulleen gara hospitaalaatti osoo hintaane gara masaraatti geessite. Yoo xinnaatees gara sa'aatii 6'f loltoota lamaan eegamaa erga turanii booda lubbun ambulaansiidhuma keessatti baate. Kunis beekuma gara jabiinaan kan raawwatame yookin ammo hogganaa fonqolcha motummaa irratti yaale eenyutu ija jabaatee hospitaala dhaqee wal'aansa haa argatu jedhe dubbata sodaa jedhuunis ta'uu mala. Marid Nigusee 1975-1979tti bulchaa Eertiraa fi Ajajaa Raayyaa Warraaqsaa Lammaffaa wayita turanitti Gama kanaan hogganaa humna qilleensaa kan turan janaraal Ammahaan abbaa carraa turan jechuun ni danda'ama. Janaraal Ammahaan gara walgahii kan galan shuguxii saanii konkolaataa keessatti dagatanii ture. Shuguxii barbaacha fiiganii biiroo yoo seenan kilaashii tokko argatan. Isaanis ofi ajjeessan. Reeffii isaaniis maramee ambulaansii lubbuun janaraal Mar'id keessatti baate sana keessa kaa'ame ture, akka shaambal Iyyoob argeera jedhaniitti. BBC:Shaambal! Haala du'a janaraal Mari'id ilaalchise kan amma jechaa jirtan kun seenaa hanga har'aatti hin dhagahamneedha. Loltuu natti hime jettan sana ni amantu? Shaambal Iyoob: Miseensa eegdoota addaa kan tureedha. Wanti halkan sana arge hanga yoonaatti isa jeeqaa jira. Seenaan jallatee himamnaan aaree, dhugaasaa ''sirreessii barreessi, ani achin ture' naan jedhe. Halkan sana achi turuusaas loltu biraa irraa mirkaneeffadheera. Caamsaa 8 bara 1981, Guyyaa dhiphiinaa Guyyaa sana ture miseensa humna qilleensaa kan turan janaraal Abarraa Abbabaa ajajaasaaniifi Ministira Ittisaa Janaraal Haayilagorgiisiin ajjeessuun uffata geedarachuun dallaarraan utaalanii kan miliqan. Seenaan kun ammallee ifa miti. Maaf miliqan? Maaf ministiricha ajjeessan? Osoo fonqolcha motummaa hoggananuu attamiin ministira tokkicha ajjeessuun yakka guddaa ta'ee miliquuf dirqaman? Gaaffiiwwan waggoota 30'f deebii hin hargatiin jiran. Janaraal Faantaa Balaay midhaaniifi bishaan malee halkaniifi guuyyoota sadiif konteenara keessa dhokatani ture... Qophaa'inni barnootaafi gahumsi hoggansaa janaraal Faantaa biyya hogganuuf kaadhimamaa isaan taasise ture. Osoo fonqolchiichi fiixaan bahe silaa biyyattii kan hogganan isaan ture. Janaraal Faantaa guyyoota sadiif konteenara keessa turuu isaanii kanas ummanni akkasiin afaan Amaaraan qoosee ture: _"ፔፕሲ ኮካ ኮላው ከከተማ ጠፍቶ_ _ፋንታ ተገኘ አሉ በኮንቴይነር ሞልቶ"_ "Peepsii kokaan magaalaa keessaa kutee Faantaan argame jedhan konteenara guutee" akka jechuuti. Caamsaa 8 bara 1981: Halkan dhiphiinaa Hallkan sun guyyaa biyyattiin janaraaloota ciccimoo, ulfina olaanaa qabaniifi kanneen bakka bu'oota hin qabne guyyaa tokkichatti itti dhabdeedha. Isaanis Itoophiyaa bira darbee, aardiin Afrikaa osoo addunyaa biraa irraa weerarri mudateeni kan fuldura hiriirsuu dandeessu, janaraaloota addaa turan… Ofii Caamsaa 8 maaltu ta'e? Koloneel Mangistuun haadha warraa isaanii Wubaanchiifi intala isaanii Tigist waliin ta'uun Jarman bahaa dowwachuuf imaluuf gara sa'aa booda Booleetti argaman. Mangeen abshaala waan turaniif beekuma diina dogongorsuuf jecha sa'aa dabarsanii ykn dursanii argamu. Kan isaanii irratti shiru baay'ee waan tureef. Guyyaa sanas akkasuma bariin deemna jechuun ministira nageenyaa isaaniitti himan. Ministiroonnis dhugaa se'anii bariin Booletti argaman. Mangeen garuu guyyaafatanii ture fuula guraa kan dhufan... Janaraaloonni isaan gaggeessuuf dhufan garuu baay'ee waxirfachaa turan. Hojii ariifachiisaan waan isaan eeguuf gara biirootti dafanii deebii'u qabu turan kaa. Hojiin isaan eegattu 'Mangee' kaasuun mootummaa haaraa dhaabuu ture. Janaraalotas 'kutannoo' qajeelfama warraaqsaa kennuu Mangeetiin ijoollee hiyyeessaa kumaatama dhabuun isaan nufisiiseera. Dula Afaabeete, Qayi Kokab, Baahira Nagaashi fi kanneen biroo irratti kumaatamni akka baalatti harca'aniiru. 'Motummaan waraana akka hojiitti ilaalu attamiin ummata bulchu danda'a' jechuun ture keessa keessa gumgumaa kan turan. Mangistuunis kana osoo dhagahe janaraalonni hin hafan ture. Kan seenaa gaddisiisaa Birgaadar janaraal Taarikuu Ayinee, hogganaa olaanaa Izii Naadaw dhaga'e Mangee waliin hin qoosu. Dinagdeen biyyattii dadhabee ummanis beela'aa ture. Loltoonni kochoroo gogaan lolaa turan. Janaraaloonnis ''maaf waraana hiikaa hin qabneef ummata keenya fixna? Rakkinni kaabaa siyaasaan malee qawween hin hiikamaa?'' jechuun Mangee duuba gumgumaa turan. Koloneel Mangistuun garuu waanti hundi gara adda waraanaatti jechuu itti fufan. Kana malees ajajoota waraanaa caalaa kaadiree isaanii amanu turan. Janaraaloonnis ''Namni kun kan nu hin dhageenye erga ta'e maaf hin dhabamsiifne?'' jedhan osoo homtu isaan hin dhagahiin. Fonqolcha raawwachuufis qophiin xumurame. Kanaaf guyyaa Caamsaa 8 sana Mangee dafanii gaggeessuun kan barbaachisaa tureef... Shaabiyaa waliin ariitiin mariif taa'amu qabaata. Dhimma alaa kan ilaalattuuf ajajaa kumaa Daawiit Waldagoorgiis kan dura Mange haalee qopheeffataniiru. Isaan boodas Janaraalonnis gaggeeffamu Mangee haalaan eegaa turan. Waggaa 30 har'aa Caamsaa 8 gara guyyaaSa'aa deemuu didee… Hogganaa biyyaa gaggeessuun aadaa waan tureef… ''Jaal Mangee nagaan si yaa deebiisu'' jechaa mirgaa fi bitaan hiriiranii nagaa dhaamaniif janaraaloonni isaa. Mangeenis seeqa isaanii akka caama ganamaa sana agarsiisuun deebii kennaniif. Umaan maaliif laata kan abbootii irreetiif ilkaan bareedaa akkasiifi umurii dheeraa kan keennuuf? Kan nama dhibuu garuu... gaggeessaa Bolee guyyaa sanaarratti janaraal Mari'id Nuguse hin argamne. Kunis sababii barriisaa kan waraanaa tureefu yeroo dhabaniitii jedhamuuf ni danda'a ta'a. Adda waraanaa hundatti 'foxxoqaa-foxxoqsiisaa' looluuf raayyaan 'waraana diinaa' kumaatama waliin wal lolaa jira. Haala akkasii keessatti gaggeessaaf argamu dhiisuun omaa miti. Ta'us janaraalichi gaarii hin hojjanne. ''Mari'id maal ta'eeti hoggannaa kutataa keenya osoo hin gaggeessiin hafee? jechuun shakkii xiqqoon shuumii nageenyaa koloneel Tasfaayee Waldasilaaseetti osoo hi numamiin hin hafne. Akkuma ta'an ta'anii hogganaa saanii gaggeesutuu irra ture. Isaan garuu waajjirasaanii ministira Ittisaa siiniimaa Ambaasaadar biratti argamu keessa ta'uun waa'ee fonqolcha mootummaa dinqisiisaa jaarraa sanaa barreessaa turan. Xiyyaarri Mangee attamiin hin gubatiin hafe? Mangistuun kanneen laaqanaaf yaadan ciree taasifachuu itti baranii ta'u mala. Guyyaa sanatti garuu cirees, laaqanas irbaatas taasifamuuf kan turan isaanuma. Kanas gonkumaa hin beekan. Imalaaf xiyyaara yaabbataniiru. Osoo samiirra jiranu xiyyaara isaanii rukuutuun dhimmi itti walii galame ture. Kana kan mirkanneessan ammo hoggantoota ittisaa hunduma jechuun ni danda'ama. Erga Mangee gaggeessanii deebii'an booda garuu yaadni biraa itti dhufe. ''Jaalleewwan, maaf rukunnaa garuu?'' ''Maal jechuudha…'' ''…isaa ajjeessuuf jecha lubbuu namoota nagaa 70 balleessuurra…'' ''Lakki lakki dhimma kanaratti boodatti osoo deeebi'uu baannee wayya… walii gallee kan xummurree moo? ''Waliigalleera ta'a. Garuu Aaddee Wubaanchi, Tigist? Balaliistoonni lammii keenyaa miti? Maal balleessaniitu daafii nama kanaatiin kan ajjeefaman? … yaadni kunis tarii ajajaa humna qilleensaa janaraal Ammahaa irraa kan dhufe ta'uu hin oolle. ''…kanaafuu jaalleewwan maaltu nuuf wayyaa? janaraal Mari'id akkasin gaafachuu hin oolle. ''…xiyyaara loltuutiin dirqisiifne Asmaraa qubachiisuu nuuf wayyaa? yaada furmaataa kenname ta'u mala. ''Asmaraan waan hin taaneedha. Humna qilleensaa Mangee garmalee leellisuutu achi jira'' Wayita kanattis hogganaan duulaa janaraal Abarraa akkas jedhanii ta'a: ''Jaalleewwan asiifi achi jechuun kun maaliidha? Dhimmi waliin irratti waliigallee mirkanneessine irratti maal boodatti harkifannaan akkasii? Kun qoosaa miti! "Diraamaa osoo hin taane fonqolcha motummaa gaggeessa jirra. Xiyyaara durataa'ichaa kan hinrukunnee yoo ta'e booda kan rukutamu numa… ani keessaa hinqabu…'' Janaraaloonni walii galu dadhaban. Kunis jalqaba dhumasaanii ta'e. Janaraalonnis akkasiin osoo waajjirasaaniitti wal mormaa jiranuu xiyyaarri Mangistuu qabattee Boolee kaates osoo samiirratti hin rukutamiin ykn dirqiisiifamuun Asmaraa hin qubsiifamiin daangaa qilleensa Itoophiyaatii fagaate. Jeettiiwwan xiyyaaricha rukutuuf dallaa humna qilleensaa Bishooftu keessa of-eegannoon eegaa turaniis mootarasaanii balleessan. Janaraal Damisee Bultoo Asimaraatti garuu 'Mangeen ajjeefamaniiru' Asmaraatti hogganaan humna ittisaa warraaqsaa 2ffaa kan turan janaraal Damisee Bultootti. Siriiyyuu yaada fonqolcha motuummaa kan eegalan keessaa ta'u hin oolle. Ittaanaa isaanii waamunis dubbichi toora qabachu mirkanneessaniif. Janaraal Qumilaachoonis komaandoowwan 433 antonooviitti fe'achuun gara Finfinneetti akka imala eegalaniif itti himan. Janaraal Qumiilaachoonis miseensoota humna qilleensaa biyyattiin qaba jettuun 'ka'aa! Socho'aa' jedhaniin. Mana loltuutti hogganaan yoo ajajuu 'tole' malee 'maaliif' hin jedhamu. Osooma antonoovicha keessa jiranii janaraal Qumilaachoon ol utaalanii ka'an. Gargaaraan isaaniis meeshaa quunnamtii dabarsanii itti kennan. Waraqaa tokko giphii isaanii baasuun dubbisuu eegalan. ''Mangeen ajjeefameera. Waraanni xumurameera. Baga gammaddan" jedhan. Loltonni antonoovicha keessa jiran hundi gammachuun harka rukutan. Antonoovii sana keessa kan turaniifi ammas lubbuun kan jiran Letanant koloneel Kaasaayee Taaddasaa BBC'tti akka himaniitti. ''Mangistuun ajjeefameera yoo jedhamu jalqaba nan nahe. Booda hundu harka rukutuu yoo eegaluun anis harka rukute,'' jechuun haala yeroosan ture ibsu. Kun anitonoovicha keessatti samiirratti yoo ta'u, raadiyoon Asmaraas Mangistuun ajjeefamu labse. Balaliinsa sa'aa tokkoofi walakkaan booda janaraal Qumilaachoon komaandoowwan isaa qabachuun Finfinnee 'Xoor haayilooch aviyeeshiinii' loltootaa lidataa galan. Komaandoowwan hafan ammoo achuma Boolee daandii qilleensaa akka to'atan taasifaman. Hojiin komaandii kanaas buufatawwan raadiyoo to'achuu, namoota fonqolcha mootummaa taasisaniif haguuggii kennuu, tarii humni Mangeef 'morma kiyyan keenna' jedhu yoo jiraate morma irraa buusuudha. Raadiyoon Asmaraa Mangistuun ajjeefamuu kan labse dursee ture. Janaraal Qumilaachoonis kan beekan Mangistuun ajjeefamusaati. Raayyaa Xoollayii dhufe Humna janaraal Qumilaachoon hogganamee fonqolcha mootummaa haala qabsiisuuf Finfinnee galeen alattis komaandoon biraa Xollaayis socho'eera. Janaraal Wubatu Tsagaayee namoota shira xaxaa turan keessaa harka hin dhabu. Ammas biyya Ameerikaa lubbuun jiru. Isaanis waraana gara Finfinneetti ergamu qopheessuun garee Koriyaa Kaabaatii dhufe simatanii dubbisaa turan. Maqaan komaandii addaa Xoollayi turee 'Ispoortaa jedhama. Koriyaan Kaabaan waraana magaalaa fi waraana addaatiif kan leenjii'aniidha. Janaraal Wubatuunis osoo qajeelfami ifa ta'e hin qaqqabiin looltoota addaa 150 gara Finfinneetti erganiiru. Isaanis dirree mana poostaa fuulduratti argamu qubachuun ajaja eeggachaa turan. Ministera Ittisaa fuuldura Ambaasadariitti argamu keessatti… Gamoo Ministeera Ittisaa darbii tokkooffaarratti galmi walgahii Itamaazhoor shuumoota ni argama. Galmi kunis gara baankii biyyaaleessaatti garagala. Galma kana keessattis warri fonqolchaa raawwattan 18 mari'ataa jiru. Lakkoofsi isaanii ni dabala, ni hir'ata. Garuu janaraalli biyyattii kan hafee hin turre. Janaraala danboobaafi jaalatamaa Mari'idiin dabalatee, ajajaan humna galaanaa Riir Admiiraal Tasfaayee Birhaanu, ajajaan humna qilleensaa janaraal Ammahaa, ajajaa waraana lafoo janaraal Haayiluu, ajajaa poolisii ittisa Warquun ni argamu. Akkasumas janaraal Fantaa balaay, Janaraal Abarraa Ababbaa, Janaraal Damisee Bultoo kan ummanni waa'ee gotummaasaaniif dhugaa baheef jiru. Eenyutu hafeeree? Janaraal Damise Bultoo qaamaan walgahiicharratti argamu baataniis yaadaan walumaan turan. Gama saanitiin Asmaraatti hojii manaa hojjachuun xumuraniiru. Raayyaan biyyattii harki lama sadii isaan jalatti argama. Hanga yoonaattuu dhimmi dinqisiisaan waraanni Asmaraa haaluma dura karoorfameen xiyyaarri Mangee rukutamusaa beeka. Kanas raadiyoon himsiisaniiru. Ajajoonni waraanaa 18 kunneenis raayyaa biyyattii miliyoona walakkaa ta'an ajajuu. Hundinu dhimma fonqolchaa irratti walii galaniiru. Hundu walgahiirratti argamu. Tarii kanatu isaan dagachiise laata? Walgahicharratti boqonnaa kan dhaban janaraal Abarraa turan. Ajajaan duulichaa janaraal Abarraan duras ariifataadha jedhamu. Miirrisaanii waan ta'e itti himuu hin oolle. Walgahiicha jidduun bahuun dallaa keessa waan jiru to'atu. Kana jidduun sagalee taankii kan dhagahan itti fakkaate. Ajajaan qajeelcha bulchiinsa Ittisaa janaraal Umar hordofsiisuun lafa alaabaan dallaa ittisaa itti fannifamuu dhaabbachuun namoonni biiroo keessa turan hundi akka bahan ajajuun haasaa taasisuu eegalan. Xumura Mangees himuun harki dhahamee... Ministirri ittisaa janaraal Hayilagiyoorgis janaraal Damissee Bultoof beekamtii wayita kennan Ajjeeffamuu Ministira Ittisaa Ministirri nageenyaa Tasfaayee Waldasilaasee shirri itti urgaa'eera. Biiroosaanii Baambiisitti argamu irraa gara Masaraa kiiloo 4'tti qaxxisan. Gargaaraa addaa Mangee Mangistuu Gammachu waamuun walgahii ariifataa eegalaniiru. Fiqrasillaale Wagdarras fa'is keessatti argamu. Minisitirri ittisaa janaraal Haabtagoorgisiin waamuun, "ofii biiroo kee keessatti maal ta'aa akka jiru beektaa?" jechuun gaafatan. ''Lakkii gonkumaa'' jedhan ministirichi. Deemanii akka adda baasaniif yaadni dhiyaate. Bakka dhaqaniitti hafu jedhee kan yaade hin turre. Ministirichis gara Ambaasaadariitti irraa gadee fiigan. Janaraal Haabtagoorgiis durumas janaraal Abarraa waliin hangas waliigaltee hin qaban. Janaraal Abarraan waan isaaniitti hin toliin wayii waan jiru fakkaata. Walgahiirraa jidduun bahuun naannoosaanii ilaaluun deebii'aa turan. Akka tasaa ilaaluuf gulantaa osoo gadi bu'anuu, ministirri ittisaa ammoo yoo ol bahan walitti dhufan. ''Abarraa! walgahiin ani hin beekne maaliidhaa? jechuun isaanii hin oolle. Tokko lama waliin jedhanis ta'a. Janraal Abarraan shugguxii baasanii walitti aansuun ministira Ittisaa irratti dhukaasan. Xor Hayiloochiitti geeffamanis lubuun hafuu hin dandeenye. Janaraal Abaraan attamiifi maaliif miliqan? Kun hundi yoo ta'u, raayyaan janaraal Quumilaachoo Asmaraadhaa dhufe dallaa Xoor Haayiloochii of eegannoon ajaja eeggataa jira. Gara janaraal Abarraatti bilbillaanis hin kaasneef. Warranni Xollaayii dhufees akkasuma hojii hiikuun naannoo mana poostaa goodaarra taa'aniiru. Hundinuu gabaasaa fi ajaja kan fudhatan janaraal Abarraa qofaarraayi. Hogganaan qajeelcha duulaa isaan waan turaniif. Janaraal Abarraan garuu waan hin eegamne raawwachuun rakkina keessa jiru. Erga minstiricha ajjeesanii boodas gara biirootti hin deebine. Leenji'aa komaandii addaa kan ta'an janaraalichi dallaarraan utaaluun baqataniiru. Tokko tokko gabaa bunaa ollaasaaniitti argamu dhaquun eegdoota bojii'uun uffannaasaanii uffachuun baqatan yoo jedhan, kaan ammoo uffata hojjataa tokkoo geedarachuun karaadhuma karraatiin dallaadhaa bahan jedhu. Baqachuun janaraal Abarraa waan hunduma burjaajjeesse. Humni Xollaayii fi Asmaraadhaa dhufe maal gochuu akka qabu wallaalee isaan barbaada. Isaan garuu bilbilas hin kaasan. Biiroos hin jiran. Bara sana mobaayiliin hin beekamu. Janaraaloonni maaliif ofi ajjeessan? Caamsaa 8 gara naannoo sa'aatii saddeetiitti kan eegale sochiin fonqoolcha mootummaa ofumaa burjaaja'uun waan qabatama osoo hin raawwatiin itti dukkanaa'e. Tika kan turan Tasfaayee W/Sillaasee shaambal Mangistuu Gammachu qabachuun waajira Ittisaatti marsan. Sanuu taankiifi konkolaataa sibiila uffataniin. Isa dura garuu haala nagaan yaa fixamu jechuun jaarsi Letanaal kolaneel Addis Tadilaa fi Letnaal kolaneel Dabalaa Dhiinsaa eergame ture. ''Dhimmi fonqolchaa kan dhumeef. Marii dhimmi jedhu hin jiru. Nu gargaaraa'' jechuun isaanii hin oolle. Sa'aatiichi garuu deemaa jira. Bufanni TV, raadiyoo, fi teeleen hin to'atamne. Hojjatonni hundi achi jiraachuunsaanii isaan waan dagee fakkaata. Mangistuu, Mangistuu Gammachuu humna eegdu addaasaanii 4 kiiloodhaa sochosaaniiru. Hiltan biraan qaxxaamuruun Ambaasaaddar yoo gahanis ministeera Ittisaatti marsaa jedhan. Keessaa janaraal Faantaa balaay, Janaraal Ammahaa, Janaraal Mari'id maal gochaa akka jiran kan beeku homtu hinturre. Ta'us marfamuu akkuma baraniin humni Asmaraadhaa dhufa jedhame hafuusaatti abdii kutanii ta'a janaraal Ammahaafi Janaraal Mari'id dhimma hanga har'aatti ifa hin taaneen achumatti ofi galaafatan. Guduunfaa Caamsaa 9 galgala koloneel Mangistuun dowwannaa isaanii Jarman adda kutuun deebii'anii dhufan. Caansaa 10 Janaraal Damisee Bultoo loltotuma isaaniin ajjeefaman. Isa waliinis ajajooti olaanoon 20 ajjeefaman. Guyyaa sadii booda janaraal Faantaa Balaay konteenara keessa dhokatanii keessaa bahan. Baatiiwwan muraasaaf qofaasaanii Maa'ikalaawwiitti hidhamanii osoo jiranu sababii hanga haraatti ifa hin taaneen ''eegdu isaanii ajjeesuun miliquuf yoo jedhan ajjeefaman'' jedhame. Torban sadaffaatti Ministira Ittisaa ajjeessuun miliqanii kan turan Janaraal Abarraan naannoo Gullalleetti mana firaa dhokataniitti itti marfame. Karaa foddaatiin bahuun baqachuuf osoo jiranu poolisii tokkoon addarra rukutamuun kufan. Namoonni tokko tokkoos firri Janaraal Abarraa dabarsanii kennan hanga har'aatti gaabbii keessa jiraatu jedhu. Baatiiwwan muraasaan booda waraana humna qilleensaa Asmaraa qabatanii kan dhufan Janaraal Qumiillaachoon miliquun Ameerikaa galaniiru jedhame. SIAn akka miliqsiisee shakkama. Waggaa tokkoon booda Caamsaa 13 bara 1981 (ALI) janaraaloonni 12 yaalii fonqolchaa irratti hirmaataniiru jedhaman akka tasaa murteef waamaman. Abbaan alangaa jidduu mana murtee waraanaa Janaraal Asiraat Birru waraqaa muramtuu fi Kolaneel Mangistuu biraa akka ergamte tilmaamamte tokko imimmaaniin hudhamaa dubbisan. 12 isaaniirrattuu murteen du'aa murtaa'e. Kan itti murtaa'ees akkas jechuun iyyaa turan, ''maatii keenyatti nagaa osoo hin dhaammatiin nu hin ajjeesiinaa..'' ''Sirni abbaa irree umurii hin qabu'', ''ijoollee keenya adaraa'' jedhaa turan, garuu halkanuma sana ajjeefaman. Yaalii fonqolchaatiin booda waggaa lammaffaatti Caamsaa 13'tti Koloneel Mangistuun biyyaa baqatan. Baqannaa koloneelichaatti aansuunis torban tokkoof pirezidantii biyyaa kan ta'an Tasfaayee Gabrakidaan himatamtoota fonqolchaa du'a eeggataa turan muraasaaf dhiifama taasisan.
oduu-54564672
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54564672
Itoophiyaatti humni poolisii addaa haleellaa dubartootaafi daa'immanii to'achuuf hundaa'e akkamiin hojjeta?
Ministeerri Dubartootaa, Dargaggootaafi Daa’immanii Itoophiyaa qajeelfama karoora waggaa kudhaniin dhimmoota hojjechuuf yaade keessaa, poolisii farra-haleellaa saalaa hundeessuufi sirna galmee biyyaalessaa namoota miidhaa qaqqabsiisanii diriirsuun warreen ijoo keessaati.
Kana malees dhaabbatichi fayyadamummaa daa’immanii hunda galeessa taheefi ejensii tajaajila hawaasummaa diriirsuuf yaada akka qabu beeksiseera. Wiirtuu Hoggantoota Dubartootaa Afrikaa, Gumii Dargaggoota Itoophiyaafi Fandii Misooma Dubartootaa hundeeessuun karoora baasee keessaa kanneen argamani dha. Wa’ee poolisii addaa farra-haleellaa saalaa fi sirna galmee biyyaalessaa namoota haleellaa geessisanii irratti ministeericharraa ibsa gaafanneerra. Poolisii addaa farra-haleellaa saalaa Ministeera Dubartoota, Dargaggootaa fi Daa’immanniitti itti gaafatamaa sab-quunnamtii kan tahan Obbo Adineew Abarraa, gareen poolisii addaa kun qaamolee haqaa, fayyaa fi hawaasaa kan of keessatti hammatedha jedhan. Gareen poolisii addaa farra-haleellaa saalaa dhimma dubartootaafi ijoollee irratti qofa hojjeta. ''Haleellaan otoo hin mudatiin dura hojii ittisaa hojjeta. Erga haleellaan qaqqabee booda immoo, nama gocha kana raawwate odeeffannoo qindeessuun hanga mana murtii geessuutti hojjeta jedhan Obbo Adinew. Hubannoo kennuufi duulaan qofa haleellaa ittisuun waan hin danda’amneef, sirna kana diriirsuun barbaachise jedhaniiru. ''Qaamoleen garaagaraa yoo waliin hojjetan malee dhaabbatni tokko qofti injifannoon keessa hin bahu,’’ jedhu. Yeroo ammaa Abbaa Alangee Waliigalaa fi Koomishinii Poolisii waliin mari’achaa akka jiraniifi waliigalteen erga mallatteefameen booda, bara kana hojiirra ooluu jalqaba jedhaniiru. Tuutni poolisii dubartoota qofaa osoo ta'ee dhiironni maal yaadu? Sirna galmee biyyaalessaa namoota haleellaa saalaa qaqqabsiisanii Sirni galmee biyyaalessaa namoota haleellaa saalaa qaqqabsiisanii, namooti yakka kanaan himatamanii adabaman yeroo turtii mana hidhaa xumuranii bahan tooftaa teekinolojii fayyadamuun akka galmaa’an taasisa. ''Dubartootaafi ijoollee irratti namni haleellaa raawwate seeraan qofa adabamee bahuu qofa osoo hin taane, jireenyasaatti itti gaafatamaa gochuufi yaadda’aa akka jiraatu gochuu dha,'' jechuun dubbatu Obbo Adinew. Sirni kun yakkamtoonni erga hidhaatii bahaniin booda tajaajilawwan hawaasummaa garagaraa akka hin arganne taasisa. Sirni kun yakkamtoota adabuuf, namoota miidhaa wal-fakkatu qaqqabsiisuu danda’an hambisuu fi ‘’Itoophiyaan biyya haleellaa dubartootaafi daa’mmanii balfitu tahuu agarsiisuufi,’’ jedhan. Akkamiin hojjeta? Haleellaan saalaa baayyeen kan qaqqabu miseensota maatii fi namoota dhihoo tahaniin waan ta'eef, daa’imman kana akkamiin adda baaftu jechuun gaafannee turre. Isaanis naannoo, naannoottifi mana barumsaatti immoo barsiisotarraa odeeffannoo sassaabuun hojjechuuf yaanne jedhan. ''Amala daa’imman agarsiisan barsiisoti ni beeku. Yaadda’uu, barnoota fudhachuu dhiisuu eeruu ni dandeenya,'' jechuun gareen addaa kun erga hojii jalqabeen booda odeeffannoo guutuu akka baasan himan. Gara biraan immoo Fayyadamummaa Daa’immanii Hunda-galeessa tahe (Universal Child Benefit) - naannoo heerumni umurii malee, hiyyummaafi haleellaan itti heeddumaatutti haadholii ijoollee waggaa 0-5 jiraniif deeggarsa gochuudha jedhan. ''Haleellaa ittisuuf shoora al-kallattii tahe ni qabaata. Haadholii diinagdee dhaan guddisuufi haala nyaataa daa’immanii dabalatee fayyaa fi guddina sammuu isaanii deeggaruuf oola.’’ Gama biraan wiirtuun dandammannaa dubartootaafi ijoollee haleellaan irra gahee, akkuma duraa jabaatee akka hojjetuuf ni deeggarra jedhan. Adaamaa fi Finfinnee irraa eeyyama argachuufi warreen kana dura turan utubuun cinatti, wiirtuu sadarkaasaa eeggate ijaarsisuufillee tattaafachaa jiraachuu dubbatu. Obbo Adinaw, ‘’Haala rakkoo kam keessatti jalqabarratti kan miidhamaniifi fayyadamummaarraa boodatti kan hafan dubartootaafi ijoollee dha. Kana hiikuuf caasaa dhaabbataa malee furmaatni yeroo hin hojjetu,'' jedhan. ''Rakkooleen irra deddeebiin dhufan furmaata waaraa caasaa irratti taasisuun hiikamaa deemu.'' Maal geeddara? Warraaqsa mirga dubartootaa kabachiisuuf jaarmiyaa dhaabbate Yellow Movement keessatti miseensa kan taate Ruut Yitbaaarak, ''hojiin dhugaa hojjetamee, waan kun maal akka tahe baranii, dubartii haleellaa irra gahe akkamiin gargaarra kan jedhu hubatanii yoo taheef shaggaa dha,'' jetti. Erga weerarri koroonaavaayirasii mudateen as haleellaan saalaa Finfinnee keessatti ijoollee fi dubartoota 100 ol tahaniirra qaqqabuunsaa ni yaadatama. Haaluma kanaan duulli ‘Zim Aliliim’ ykn ‘Calluma hin jedhu’ jedhu gaggeeffamaati jira. Duula kana warreen dura bu’aa jiran keessaa tokko weellistuu Tsadaniyaa Gabira Maarqoos yoo taatu. isheen ''yakki haleellaa saalaa akka yakka biraa keessummeessuun hin danda’amu, xiin-sammuu addaatu barbaachisa,'' jetti. Poolisiin addaa amma dhaabbate kun haala barbaadamuun yoo deeme keessumaa yakka gama gudeeddiitiin qaqqabu ilaalchisee jijjirama fiduu mala jedheen amana jetti. Ruut Yitbaark hojii nama haleellaa raawwate galmeessuun sirrii dha jetti, sababiinsaas, ''yakka raawwateef maqaa waamuufi qaanessuun dirqama, yeroo baayyee dubartoota miidhamanitu akka qaana’an taasifama gatii taheef,’’ jetti. Tsadaniyaanis yaada kana ni qooddatti, ''hanga har’aa nama miidhaan irra gahe malee, nama miidhaa geessise arginee hin beeknu, kunimmoo waan qaanessu jedhamee ijaa yaadamuufi,’’ jetti. Akkuma isa nama ajjeeseefi yakka biraa raawwatee kan warra kanaas beekamuufi ittiin qaana’uu qabu. ''Hanga har’aatti kan addabaabaayitti baasuu dadhabne yakka kana akka yakkaatti ijaa hin ilaalleefi,’’ jetti Tsadaniyaan.
oduu-56463214
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56463214
Koronaavaayiras: Kanneen Ameerikaarraa dhufan dabalatee miseensonni maatii 10 Covid-19'n qabaman maal himu?
Tatamsa’inni koronaavayirasii Itoophiyaa keessa jiru haala yaaddessaa irra ga’uu isaa ministeerri fayyaa biyyatti ibseera. Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii, akkaan dhukkubsatanii fi du'anii garmalee dabalaa jira jira jedhe ministeerichi.
Of eeggannoo gochuu dhabuun vaayirasichaaf saaxilamuun aarsaa kaffalchiisaa jira jechuun akeekkachiisa ministeerri fayyaa kun. Ameerikaa irraa maatii dubbisuuf namoota dhufan lama dabalatee miseensoonni maatii tokko kudhan, of eggannoo taasisuu dhiisuu isaanirraa kan ka’e akkamiin vaayirasichaaf akka saaxilaman BBCtti himaniiru. Obbo Solomoon Diras dhiyeenya bakka jiraatan Ameerikaa irraa gara Itoophiyaa imalan. Akkuma imalaa idil-addunyaa kamiittuu imala isaanii dura qorannoo koronaavaayirasii taasisanii, vaayirasicha irraa bilisa ta’uun baramee booda imalan. Finfiinnee ga’anii guyyootii muraasa jalqabaa irratti firootaa fi hiriyyoota isaanii waliin wal arganiiru. “Magaalaa koronaavayirasiin keessa hin jirre kan fakkaattu Finfinneen, darbee darbee namootni maaskii uffatan utuu hin mul’atan ta’ee jireenyi akkuma barametti kan fufe fakkaata,” jedhu. Bakka Obbo Alamayyoon jiraatan US keessatti maaskiin dirqama waan tureef, jirattoota Finfinnee fakkaachuuf jecha maaskii isaanii uffachuu dhiisuuf yeroo itti hin fudhanne. Guyyoota muraasa kessatti garuu wantoonni ariitiin geggeeddaramuu eegalani. “Jalqabaratti dadhabbii guddaatu natti dhaga’amaa ture,” jechuun dhibeen isaani akkamiin akka jalqabe himu. Guyyaa jalqabaatti imallisaanii fi maatii dubbisuuf isa asiif achi deeman waan isaan dadhabse itti fakkaatus guyyaa lammata irratti dadhabbiin itti dhaga’ame, “kan ibsuu danda’uu ol ta’e,” jedhu. “Dadhabbii jalqaba natti dhaga’amerra cimaa ture. Siree irraa ka’ee mana fincaanii deemuunillee qormaata natti ta’e,” jechuun haala keessa turan ibsu. Akkuma kana fira gaafachuuf biyya alaarraa kan dhufan eessumni isaaniis “dadhabbiin guddaa” itti dhaga’amuu eegale. Haalli kun kan isaan yaaddesse Obbo Solomoon eessuma isaanii waliin qorannoo taasisuuf gara mana yaalaa deemani. Bu’aan isaa garuu wanta hin eegne ture - koronaavayirasiin irratti argame. Dhukkubaafi dhiphuu “Dadhabbiin alatti mallattoo biraa waan hin qabneef koronaavaayirasii ta’a shakkii jedhu hin qabnu ture. Qorannooyyuu kan taasisne akka carraadha,” jedhu. Obbo Solomoonis ta’e eessumni isaani qofaatti adda of baasuun haala fayyina isaani hordofuu eegalani. “Bu’aan qorannicha wayita beekamu ofiif caalaa haala eessumakootu na yaddesse ture,” jedhu. kan yadda’aniifis essumni isaanii umuriin nama deemanii fi dhibee fayyaa biraa waan qabaniifi. Dadhabbiirra darbee fedhiin nyaataaf qaban hir’isaa deemee, sadarkaa nyaataafi bishaan fudhachuu dadhaban irra ga’ani. Kunimmoo rakkoo biraa ture. “Wanti nyaannuufi dhugnu hundi deebi’ee ba’a ture,” jechuun haalasaa ibsu. “Anis eessumnikoos guddaa dadhabbuu keenyarraa kan ka’e qaajja’uu eegalle turre. Rafuurra kan hafe waan biraa gochuuf humna hin qabnu ture. Saatii dheeraa rafuun dabarsina turre.” ''Akkuma oggeessi fayyaa nutti himetti, bakka nyaataa mana keessatti guluukoosiin nu kennamaa ture,” jedhu. Namoota dabalataan qabaman Hedduu utuu hin turiin garuu obboleessi isaani quxisuun qufaa adda hin cinnee akka qabu yeroo baran akka qoratamuuf isa gaafatan. “Ana fi eessumnikoo koronaavaayirasii qabaachuu keenya baruun guyyaa lama dura obboleessakoo waliin wal agarre turre. Qufaan yeroo jalqabuuni deeme akka qoramuuf gorsinunis ‘uttaalloodha’ jdhee hinqoratamiin hafe.” Qufaan obboleessa isaani garuu akka kanaan dura salphaa waan hin taanee fi miirri dadhabbiin itti dhaga’amuu waan eegaleef qorannoo taasise. Bu’aa qorannoo isaan vaayirachii irratti argame. Guyyoota muraasa booda miseensi maaticha sadaffaan koronaavaayirasiin qabame. Yeroo kanatti fayyinni Obbo Solomoon foyya’aa kan dhufeef “ amma akka hin dune mirkaneessineerra” yeroo itti jedhan ture. Bishaan dhufuu fi qoricha fudhachuus eegalaniiru. Guyyooti shan dura miseensonni maatii isaani hedduun walitti qabamanii waan turaniif akka qorataman taasifame. “ Miseensonni maatiikoo gara digdamaa ta’aniifi namootni nu waliin qunnamti qabataan hundi guyyooti adda addatti deemani qoramani,” jedhu Obbo Solomon. Ta’us garuu Obbo Solomoon fi eessuma isaani waliin wal arganis qorannoo taasisuu garuu namootni hin barbaadnes jiru turani. Kana jidduutti obboleettin isaani tokko Covid-19 akka qabdu barame miseensa maatii kanaa vaayirasichaan qabamte afuraffaa taate. “Miseensa maatikeenya mallattoon tokkoyyu irratti hin argamnedha,” jedha. Bu’aan qorannoo miseensota maatii keenyaa suuta suutaan yeroo ba’u kanneen vaayirasicha hin qabne akka jiran yeroo barru dhippuun isaanii hir’isee ture. Guyyootii muraasaa booda garuu bu’aa isaan hin eegnetu dhufe. “Anaafi eessumnikoo bu’aa qorannoo keenya barree turban isaatti obboleessikoo koronaavayirasii akka qabu itti himame. Obboleessakoo dabalatee haati warraa isaafi ijoolleen isaas vaayirasichaan qabamuun isaani nu rifaasisee ture,” jedhu Obbo Solomoon. Kanaanis maatii isaani keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayiraasiin qabamnii sagal ga’e. Bu’aa qorannoo eeguu Kan nama naasisu saamuda erga kennanii booda bu’aan gara guyyaa afuriif waan geenyeef jireenya guyyaa guyyaa isaaniin itti fufani. “Bu’aan qorannoo waan barfateef sochiikoo barame itti fufeen ture,” jedhu obboleessa Obbo Solomoon kan ta’an Obbo Siisaay. “Maatiikoo irra daddeebiin argachaan ture. Bakka hojiikoorraa guyyaa tokkollee utuu hin hafiin deemeera. Haati warraakoos hojjachaa turte. Ijoolleenkoo sadanis barnoota isaanii irra guyyaa tokkollee hin hafne,” jedhu. Sababa kanaanis maatiin isaani qorannoo koronaavayirasii taasisan adda addummaa guyyaa sadiin irra deebiin saamuda kennuuf dirqamaniiru. Bu’aan qorannoo isaani erga baramee booda miseensonni maatii Obbo Siisaay mallattoo dhukkubicha tokkoyyuu qabachuu baataniis adda of baasanii turani. “Guyyootii jalqabaatti yaaddoo qabna ture. Ijoolleenkoo yoo dhukkubsataniiwoo? Haatii warraakoo yoo dhukkubsattewoo? jechaa dhippachaan ture. Kankoo caalaa haala isaanitu na yaaddessa ture” jedhu. “Oggeeyyiin fayyaa yeroo yeroon bilbilanii haala keenya nu gaafachaa turani. Torban lamaaf qofaatti adda of baafnee erga turree booda gara jireenya keenya idileetti akka deebi’uu dandeenyu nutti himani,” jedhu. Dagannaa hanqinna of eeggannoo fide Wayita jalqaba weerarri koronaavaayirasii Itoophiyaatti mul'ate ji'oota jalqabaa jiran keessatti of-eeggannoon haga tokko godhamus, yeroo booda garuu jiruu fi jireenyi uummataa akkuma duraniitti itti fufe, kunimmoo tatamsa'ina vaayirasichaa hammeesse yaada jedhu kennan Obbo Siisaay. “Manaa alatti maaskii inni hin godhannes inni godhates yeroo mana ga’u ofirraa baasee walitti makama,” kunis ammoo miseensa maatii isa of eegaa ture akka saaxilu ibsaaniiru. Maatiin Obbo Siisaay yeroo adda of baasanii jiranitti miseensi maatii isaanii biraa vaayirasiichaan qabamuun isaani barameera. Torban lama yeroo hin guunne keessatti miseensa maatii koronaavayirasiin qabaman isa kurnaffaa ta’aniiru. Wanti ‘gaarii’ jedhamu yoo jiraate namoota dhukkubsatan kurnan kunneen keessaa torba dhukkubbiis ta’e mallattoo dhukkubichaa qabaachuu dhiisuu isaaniidha. Itoophiyaa torban sadiif dawwannaadhaaf kan dhufan Obbo Solomooniifi eessumni isaanii sababa koronaavaayirasiin yeroo isaanii irra guddaa kutaa tokko keessatti dabarsuuf dirqamaniiru. Gara torban lamaaf koronaavayirasiin qabamanii kan turan miseensonni maatii Obbo Solomoon kurnanuu amma bayyaannatanii vaayirasicha irraa bilisa ta’uun isaani mirkaanaa’eera. Obbo Solomoniifi essumni isaaniis Ameerikaatti deebi’uuf qorannoo koronaavayirasii taasisaniin akka vaayirasicha hin qabne baraniiru.
oduu-50204682
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50204682
Waa’ee hiriira mormii fi walitti bu’iinsa uumameerratti hanga ammaa maal beekna?
Guyyaa Kibxata alkan waarii ture xinxalaan siyaasaafi Daarektarri OMN Jawaar Mohaammad eegdoota naaf ramadamanii 'alkaniin kaasuuf' jechuun ergaa midiyaa hawaasummaa isaarratti kan barreesse.
Jawaar konkolaatooti lama naannoo mana jireenyaa isaa dhufuun osoo hin beekne eegdoonni isaa ''meeshaasaanii qabatanii akka bahaniif''akka itti himame ture BBC'tti dubbatateera. Kana malees eegdoonni maaliif akka kaafaman yoo gaafatan, leenjiif akka deeman akka itti himameefi isaanis alkaniin eegdu bakka osoo hin bunee goodaatti dhiisuun bahuu diduusaanii, isaan booda bilbilaan atattamaan manicha gadhiisanii yoo bahuu baatan addabbiin akka isaan eeggatu itti himamuu ibsameera. Haaluma kanaanis deeggartoonniifi leellistoonni Jawaar dubbicha hordofaa turan, miidhaan irra gaha jedhanii yaaduudhaan magaalaa Fiinfinnee bakkeewwan garaa garaa irraa bakka manni Jawaar argamu Booleetti walitti qabamuu eegalan. Akkasumas ganama isaatii kaasee naannoo Oromiyaa bakkeewwan adda addaa keessatti dhimma Jawaariin mudate mormuun hiriirri gaggeeffamuu eegale. Roobii Komishinarri Poolisii Federaalaa Indashaaw Xaasaw midiyaa biyya keessaatti dhiyaachuun, eegdoota kaasuun kan duraan eegaleedha. Ammas kan itti fufuudha. Garuu ''mootummaanis ta'e poolisiin tarkaanfiin Jawaar irratti hinfudhatamne'' jedhan. Kana malees ergaan Jawaar miidhaan narra gahuuf jedhee deeggartoota isaatiif dabarse dogongora jechuun, daandiiwwan cufaman akka saaqaman, sochiileen idilee akka itti fufu jechuun, poolisiin olaantummaa seeraa kabachiisu hojjachu itti fuufa jedhan. Jawaar BBC'tti akka himeetti, ''egduun kaafamu yoo barbaachise guyyaa raawwatamuu osoo danda'uu, alkan waarii kaasuuf yaaluun haala shakkisisaadha. Kunis maaliif akka raawwatame naafi hingallee'' jedheera. Kana malees, ''ragaan ani qabu erga eegdoota kaasaniin booda kashilabbootaan mana kiyyarratti miidhaa geessisuuf yaadame akka turedha' jedheera. Kanaafuu yaaliin taasifame ''yaalii ajjeechaa'' akka ta'e himeera. Guyyaa Roobii sa'aa booda hiriiraan booda walitti bu'iinsaa fi miidhaa qaqqabeen qabeenyaan barbadaa'uufi badiinsi lubbuu gahuu gabaasaaleen bahu eegalan. Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsa kennaniin, ''gochi dogongoraa ta'u hinqbaannee raawwatameera'' jechuun motummaan naannichaafi federaalaa nageenya Jawaar akka eegsiisu dubbataniiru. Pirezidaantichi itti dabaluunis gochi alkan keessa eegdoota kaasuuf taasifame kun maaliif fi eenyuun akka raawwatame akka qulqullaa'u himaniiru. Kamisa Walitti bu'insiifi miidhaan bakkeewwan garaa garaatti cimee akka itti fufe dhagahame. Keessattu magaaloota Adaamaafi Ambootti lubbuun namoota hedduu baduu maddaalee adda addatiin mirkanaa'e. Akkasumas gabaasaa VOA afaan Oromoo Muktaar Jamaaliin dabalatee lammileen hedduun Adaamaatti miidhaa qaamaaf saaxilaman. Keessattu sababii qaamoolee haala umameetti fayyadamuun dubbicha gara walitti bu'iinsa sabaafi amantaatti geedaruun miidhaa qaqabeen lubbuun namoota kudhii olii baduu BBC mirkanneeffate ture. Miidhaawwan qaqabaniin namoota du;aniin alatti, namoonni hedduun miidhaa qaamaatiif saaxilamuufi akkasumas badiinsi qabeenyarra qaqabuusaa barameera. Kamisa sa'aa boodee kaasee jaarsooliin biyyaafi oggantoonni siyaasaa gaaddisa Oromoo jalatti walitti qabaman xinxalaa saiyaasaa Jawaar waliin ta'un, ibsa waloo taasisaniin dargaggoonni hiriira bahaniirraa gara manaatti akka deebii;aniif waamicha taasisan. Keessattu ergaa Jawaar dargaggootaan dabarseen, ''ammaaf daandiirraa gara manaatti gala, garuu ofi hindagatiinaa'' jedheera. Sinidoosiin bataskaana Waldaa Ortodoksii Tawaahido Itoophiyaa yaa'ii idilee waggaatiif wal gahee tures, guyyaadhuma Kamisaa ture walitti bu'insiifi miidhaan eddoowwan garaa garaatti babbalchuunsaa akka isaan yaachisee ibsuun kadhannaa guyyaa sadii labsaniiru. Jimaata Wa;itti bu'insi umameesi magaaloota akka Adaamaa, Bishooftuu fi Amboo keessa guyyoota lamaaf turuun qabeenyaafi lubbu namootaarraan miidhaa qaqabsisseera. Eddoowwan kanneenii alattis, Arsii Kofale, Dodolaa, Hararge Bahaa, Dirre Dawaa fi Baalee Roobeetti miidhaawwan raawwatamusaanii madden adda addaarraa mirkanneeffanneera. Bakkeewwan dhiheenya magaalaa Finfinneetti argaman kan akka Sabattaafi walattee fa'ittis miidhaan namootarra qaqabuu BBC'n mirkanneeffateera. Walumaa galattis, walitti bu'insa guyyoota lamaan duraatiin lubbu dhaban 44 qaqabu madden hospitaalaa, qoondaaltoota motummaafi jirraattota firri jalaa du'erraa irraa BBC'n mirkanneefateera. Haaluma kanaan walqabatenis naanoolee jeequmsi keessatti cime kan akka Harariifi Dire dhawaatti raayyaan ittisaa akka bobba'uuf gaaffiin dhiyaachusaa, Ministira Ittisaatti Daarektarri Sab-himaa Ummtaa fi Indoktirineshiinii Meejar Janaraal Mahaammad Tasammaa midiyaale biyya keessatti himan. Bakkeewwan raayyaan ariitiin hinbobba'inittis miidhaan mudachuusaa daarektarri kun himanii ture. Guyyootuma kanneen keessattis miseensoonni Sinidosii itti aanaa MM Damaqaa Makoonnin, Minisitira Ittisaa Lammaa Magarsaa, Ministira Nagaa Mufariyaat Kaamiil fi Komishinara Poolisii Federaalaa waliin mari'ataniiru. Mariin kanaanis bakka bu'oonni waldaa kanaa motummaan hojii seera kabachisuu cimse hojiirra akka olchuuf gaafataniiru. Jimaata gara galgalaa ammo midiyaan Rooyitarsi komishinii poolisii Oromiyaa caqasuun, lakkoofsi namoota walitti bu'insa kanaan lubbu dhaban 67 gahu gabaaseera. Kana malees lakkoofsi namoota miidhaa qaamaatiif saaxilamanii dhibba lamaa ol ta'uus himameera. Sambata Itoophiyaatti Ambaasaadarri Ameerikaa Maayik Raayinar, haala biyyattii keessatti umamee ilaalchisuun fuula feesbukii Imbaasichaa irratti maxxansaniin, ''miidhaafi dubbiiwwan jibbaafi goolii umtummaa tibbana mullataniin'' baayyee nahu kiyyan ibsaniiru. ''Kanneen miidhaa kana keessatti hirmaataniifi kanneen kakaasan cimsinee balaalleeffanna. Gochi akkasiis sababii kamiiyyu dhiyaachuuf hindanda'u,'' jedhaniiru. Kana malees biyyisaanii nageenya, badhaadhiinaa Itoophiyaa fi siyaasni hunda hammatuu akka uumamuuf akka hojjatuufi deegarsa akka taasiftu ibsaniiru. Lammiilee Itoophiyaa kaayyoo kanaaf hojjatan waliin hojjachu akka itti fufan himaniiru. Ministirri Mummee Abiy umamee ilaalchisuun ibsa kan kennann guyyaa kana ture. MM egaa fuula feesbuukii waajjira isaaniirratti maxxansaniin akka ibsaniitti, rakkinni nu mudateen walta'iinsaafi tokkummaan yoo waliin dhaabbannu malee daandiin keenyaa hangam rakkiisaafi sodaachisaa akka ta'e kan mullisuudha jedhaniiru. Rakkina umamee ture bifa walitti bu'iinsa sabaafi amantaa akka qabaatuuf yaalameera. Kanaan kan ka'ees lammileen haala sukkaneessaa ta'een wareegamaniiru. Qabeenyaanis barbadaa'eera jedhan. Manneen amantaa fi dhaabbileen daldalaas barbadaa'aniiru. Namoonni buuqaafamanis eddoowwan garaa garaatti dahatanii argamu. Haalli sukkanneessaan argaafi dhaggeettiitti hintollees lammileee keenyaarratti raawwateera. Haala gaddisiisaa kanaan gaddinulleen lammiilee Itoophiyaa ammalleen faggeessaniin kan yaadaniifi hubattoota ta'usaanii agarree jirra. Waldaaleen akka hingubanneef musilaamooti yoo dhorkan, akkasumas masijidoonni akka hingubanneef kiristaanoota waardiyaa dhaabbatan qabna. Akkasumas namoota saba isaantiin alaatiif kanneen aarsaa kanfalanis jiru.Nageenyaafi tasgabbii buusuuf jaarsooliin alkanii guyyaa dadhabaa jiranis qabna. Namoonni waan harra umamee osoo hintaane waa'ee eegeree faggeessanii yaadaniifi miseensoonni raayyaafi poolisii seeraafi lubbusaaniif dhaabbatanis qabna. Imala eegalee ittuma fufna. Aramaa buqqusaa miidhaa kunuunsaa adeemna malee aramaaf jecha miidhaan hingannuu. Haaluma walfakkaatunis rakkina nu mudate furaa bitaafi mirga osoo hinjennee imala keenya itti fufna. Nutis aarsaa barbaachisu hunda kanfaluun badhaadhina Itoophiyaafi ummata ishee kan fidu ta'u keenya, kanneen rakkina umaa jiran wanti isaan hinhubatiin. Haala gaddisisaa umameen namoonni miidhaan irra gahee akka bayyanataniif, kanneen nama isaanitii buqqaafaman akka deebii'aniif, kanneen qabeenyaan isaanii jalaa barbadaa'eef ammoo deebiifamanii akka dhaabbataniif ummata waliin ta'uun ni hojjanna jedhan. Kana malees, olaantummaa seeraa kabachiisuufi kanneen yakka raawwatan seeratti dhiyeessuuf ni hojjannas jedhaniiru. Kanas fiixaan baasuun dhaabbileen amantaa, waldaaleen sivil fi ummanni hundi nu maddii dhaabbadhaa jechuunis waamicha dhiyeessaniiru. Nuti yoo wal qoodne walitti buune kan moo'atu warra biraati. Eenyumti keenyaa hinmoonu. Diinoon keenya maal akka taanu akka barbaadan waanuma muraasaanu agarreera. Kan kana caalu akka hin uumameeneef ummanniifi mootummaan waan irraa eegamu bahachu qabaatu jedhaniiru. Dilbata Ministirri Mummee Abiy Ahimad, Ministirri Ittisa biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi itti Aanaani Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, bakka bu'oota jaarsoolii, haadhooliifi dagaggoo waliin kora tokkummaa Oromoo magaalaa Finfinneetti gaggeessaniiru.
oduu-48347133
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48347133
Daa'ima kadhattoota qaroo dhabeeyyii ta'an akka karaa agarsiisuuf butame
Saamu'eel Abdulraahem umurii waggaa torbaatti bakka taphatuu butamee fudhatame. Guyyaa sanas biyya nagaadha jedhee mana warrasaa Naajeriyaa magaalaa Kaanootti argamuutti bishikilitii ofuun taphataa ture.
Abaan Saamu'eel haadha warraa afur irraa ijoollee 17 kan qaban yoo ta'u, inni garu guyyaa sana guddiftu isaa waliin qofaa ture, Xabatee deebii'ee dhufa jedhamee eegamus, waggoota jahaaf bakka buuteensaa dhabame. Barbaacha: ''Bakka inni jiru arguuf wanti nuti hin raawwatnii hinturre'' jetti oboleettinsaa angafni Firda'us Okese. Jalqaba akkuma obboleessi ishee badeen itti hin himamne ture. Wayita isheen yuunvarsitii irraa manatti bilbiltu isa dure jalqaba kaasuun kan itti aasa'aa ture. Innis kana baayyee jaalata ture. Garuu wayita deddeebiin bilbileetti miseensi maatii gara biraa bilbila kaasun isaanii shakkii wayii itti ume. Dareen booda guyyaa tokkoos Firdaa'us osoo eenyuttu hinhimiin gara mana warrashee galte. Achiinis abbaanshee dhugaa gaddisiisaa waa'ee dabuu obbolossa ishee itti himan. Oboollee ishee jaalatamaan erga bade ji'a tokko guteera. Saamu'eel osoo hin badiin dura haadha isaa waliin kan ka'an yoo ta'u erga badeen booda dafee itti hin himamne ture. "Jalqaba irratti, abbaan koo guddiftuun akka hidhamtu taasisee ture. Garuu qorannoon booda gadhiifamte,'' jetti Firda'us. Haati Saamu'e abbaa Saamu'eliin wal hiikanii waan turaniif, baduun mucaashee dafee akka itti hin himamne yaalame ture. Wayita bilbiltu hundaa sababa garaa garaa kennuuf turan maaliif Saamu'el akka hindubbifneef. Booda garuu, eessumni akka waan hinollee itti himu taasifame. Qorannoo cimaa polisitiin alattis, maatiin gaazexaatti beeksiisa baasuun akkasumas namoota barbaadan bakka garaa garaatti erganii turan.Warra waa beekulleen gaafataniiru. Garuu Saamu'el argachu hun dandeenye Yeroon boodas abbaan maatiin akka du'usaa amanuun hirmii baafatu gaafatanii hundu bo'eefi. Iyya obboleettii Firda'usi garuu fudhachu didde. Waraqaa qorannoo yuunvarsitii ishees obboleessa ishee badeen moggaasfte. Heebbifamtee waggaa tokko booda gara Kibba Leegosiitti hojii barbaachaaf imalte. Booda keessas Kirisitaana waan taateef waldaa wangeelaa 'Winners Chapel' jedhamuuf Naajeriyaa keessatti waldaalee guddaa jedhaman keessaa tokkotti hirmaachu eegalte. Bara hunda baatii Muddee waldittiin walgahii guyyaa shanii kan hirmaattoonni addunyaa mara irraa dhufanii gaggeeffatti. Qophii kanarrattis miseensoonni waldichaa barbaadan akka waan gurgurachu barbaadan agarsiifataniif dallaa keessatti eddoon ni kennamaafi. Firda'us hanga bara 2000tti hojjii hinqabaannees, ufata aadaa haatiishee tolchite gurgurachuuf eddoon akka kennamuuf iyyatte. Bakkicha amaaxiin hanga hojjatuufittis teessee osoo eegataa jirtu ture, sagalee kadhataa 'maaloo waaqaaf jedhaatii nagargaaraa' jedhu dhaggeesse. Achi mil'attees. Kadhatichis harkasaa cimsee saggee mucaa uffannaa tarsa'aafi surree gabaabdu offate tokko irra kaa'eeteera. Firdaa'usi ol kaafte iyyite. Mucaan kadhataa ijaan hinagarree daandii agarsiisaa jiru obboleessa shee isa badeedha. Mucaa butame Saamu'el amma nama waggaa 30ti. Maatii isaa irraa attamiin akka butame amma sirriitti hinyaadatu. ''Wantiin yaadadhu baaburaan deemu kiyya qofaadha.'' Innis butamuun dubartii meeshaa dhidhattu fi qarqara Leegoos bakka kadhattoonni hirina qaamaa qaban itti heddumatan jiraattu tokkotti geeffame. Dubartiittinis akka kadhataa ijaan hinagarree daandii agarsiisuuf guyyaatti neeraa 500 (doolaara 5)n kireessite. Naajeeriyaa keessattis qaroo dhabeeyyiini ijoollee dhiiraafi shamarraniitiin daandii agarsiifaman daandiirra baayyeedha. Keessattu bakka konkolaataan itti baayyatuutti foddaa konkolaataa irraan ykn waldaafii masijiida irra deemuun kadhatu. Dubartiittii waliinis Saamu'el qofaasaa guddoo keessa bula ture. Yeroon booda ammo, ijoolleen dhiiraa shan kan biraa dallicha keessatti fidamuun qaro dhabeeyyiitti kireefamusaanii hima. Saamu'elis yeroo sanatti akka waa'ee maatiisaa hinyaadneef wanti ta'e kennamuufi hinhojatamiin hinollee shakka. ''Yeroo sama miira qabaachu kiyya hinyaadadhu'' jedha. ''Anis robotii irribaa ka'uun kadhataa naanneesu qofan ture baqqaa. Qarshii funaanu, nyaata nyaachuun rafuu, kanuma hojiin koo yeroo hundaa.'' Jireenya garbaa Kadhattoonni garaa garaas yeroo torbanii hanga ji'aatiif isa kireeffataniiru. Dhuma guyyaa hundaattis, Saamu'eliifi kadhatichi wal cinaa bakkeewwan ummataa adda addaa bulaniiru. ''Akkuma garbaan ture'' jedha. ''Kanaafuu deemuun barbaada ykn kanan hojjachu barbaada jechu hindanda'u. yeroo hunda asuma ta'un qaba.'' Yeroon deemaa waan jiruuf, Saamu'el hiriiyoota muraasa horateera. Kanaafuu darbee darbee galgala ijoollee kadhattuu kan biraa waliin xabata. "Yeroo baayyee nan beela'a. Guyyaa gutuu hajjachuun erga dadhabeen booda nyaataaf gadi teessa'' jedha. "Kadhattoonni hamoodha jedhee hinyaadu. Isaani ni ka'u, daandiiwwan namoonni irra darbaniirratti kadhatu.'' Guyyaa guyyaanis Saamu'e kadhaataa waliin daangaa Leegos tokko kan biraa deemaa ola. "Isaanis hanga danda'ameefiitti maallaqa hadduu argachuuf yaalu.'' Dinqiitu ta'e Muddee 2000 kadhataanni daandii agarsiisu akka Waldaa 'Winners Chapter' bakka itti obboleessttiinsaa isa itti argatteetti sagantaa jiru dhagahe. Jalqaba obboleettiin isaa yoo obbolessa ishe arguu harkaa qabachusheetti naatee turte. ''Lafarrattin kufe'' jetti. Saamu'elis saggeen isaa gara mirgaa kadhaataa sanaan cimfamee qabamu hubate. Akka jecha tokko hin dubbanneef dhorkame. Haalichi obboleetiinsaa Firda'us imimaaniin akka dhiqamtu taasise. "Yeroo natti fudhata malee naman ani bakka ta'eetti beekudha. Nama naan firoomtu wayitt taate,'' jedhee yaadu saa dubbata Saamu'el. Hirmaattoonni walidichaaf waan intalli obboleessa ishee waggootaaf jalaa bade arguun iyyiteef hubatan. Achinis Saamu'el achi baasuun akka dhaqnasaa dhiqatu taasisan. Uffannaa haaraa erga kennameefiin boodas gara waltajjiitti baasuun kadhannaan taasifameef. Obboleetiin isaas attamiin akka waggaa jaha dura badee turefi amma attamiin akka argattee itti hirmaattootatti himte. Yeroo baqachuu Firdoos obboleessa ishee barbachaaf jecha dhama'uun isheefi isaa baraaruu dhabuutti akka gaabite har'alleen dubbattee jirti. Osoo inni hin baraariin dura daa'imni xiyyaan haaraan tokko dalicha keessatti fidamee akka ture Saamu'eel dubbata. Jalqabarratti mucaan haaraa sun osoo adda hinkutiin booyaa ture. Akkuma tasaas ni calise, Kaanifi Saamu'el muciichaaf wanti ta'ekennamuuf akka hinollee shakka. Saamu'el erga argameen booda waggaa lamaatti gaa'ila obboolettii isaarratti suuraa ka'e Barataa Barnoota idilee osoo hin argatiin waan tureef, waggaa jaha booda Saamu'eel barnoota hin qabu ture. Firdoos xaarii mana barnootaa obboleessa isheetiif argachuuf goote hin milkoofnee. Namoonni hedduun barnoota sadarkaa tokkoof umuriin obboleessa ishee deeme dubbatu ture. Abdii dhumaarra osoo jirtu, barsiisa mana barumsaa kan nama guyyaa kadhannaa sana waltajjii Waaldaarratti isaan arge argite. Isaanis beekum Firdoos barumsa kophaa isaatti akka barsiisuun walii galan. Saamu'el Abdulraheem barnootaan cimaa ta'e Turtii ji'a sadii keessatti Saamu'eel barnoota sadarkaa tokko keessatti kutaa tokkoffaa gara kutaa afraffaa ce'e. Waggaa keessatti immoo qormaata gara barnoota sadarkaa lammaffaa lufe. Saamu'eel barnoota sadarkaa lammaffaa waggoota sadii qofa kan dabarse. Kunis yeroo umuriin isaa 17 tureti. Yeroo sanitti qormaata seensa yunivarsiitiif ofitti amaamummaa qaba ture. Qormaata sanirrattis akka mana barumsichatti qabxii ol'aanaa galmeessisuun gara yunivarsiitii Ahamaduu Belloo kan Zaariyaa keessatti argamutti Keemikaala Inginaariingii barachuuf seene. Turtiin mana barnoota isaa garuu itti fufuu hin dandeenye. Yeroo inni abbaltii hojjachuun baratoota biroo gargaaruu bartoonni ni argu ture. Kunis waggaa afraffaarratti yeroo inni waaraqaa deebii barata tokkorratti deebii barreessu qabamuun mana barnootati ari'ame. 'Haloo hin qabanne' Saamu'eel amma hojii ijaarsaa keessatti to'ataa ta'uun hojjata.. "Guyyaa tokko yoo mallaqaan of danda'e barnoota kootti deebi'u barbaada," jedha Saamu'eel. Dabalataan immoo dandeettii koompiitar waan qabuufi Koompiitar Saayinsiis barachuus barbaada. Kana malees Saamu'eel waa'ee keessa darbeef haaloo omaa hinqabu. Waggoonni sun hundi akka namootaaf gaarii ta'u akka isa barbsiisan amana. "Baroota sanas akka haala jireenyaa tokkoottiin ilaala. Haaloo hinqabadhu'' Yaadannoowwan beelaa keessa darbe garuu attamiin akka kadhattoota yaaduu fi daandii agarsiiftootaa itti hubatu baayyee geedareera. Gunkumaa maallaqa hinkennuuf amma. ''Maallaqa kennuufiirra nyaata yoo biteef jaaladha. Sababiinsaas duratti yeroosana nama maallaqa naa kennu irra isa nyaata naaf kennu wayya ture. Sababii maallaqichi kadhaataaf gala malee ana bira hindhufneefu..'' Saamu'elis seenaa isaa kana qooduudhaanis namoonni akka kadhattootaafi daa'imman daandii isaa agarsiisaniif xiyyeefannaa kennan abdata. ''Kanataa nama ta'e walinin yoo argan, daa'imtu sun gargaarsa akka barbaaddu yaadu qabaatu'' jedha Saamu'el. Kanaafuu ''Califtanii maallaqa kennuun bira hindarbiinaa.''
oduu-54729342
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54729342
Firaansi: Magaalaa Niisitti gocha 'haleella shororkeessumaati' jedhameen sadi ajjeefaman
Firaansi magaalaa Niis keessatti namootni sadii haaduun waraanamuun du'uu poolisiin hime.
Shakkamaan erga gochichi raawwatee daqiiqaa muraasa booda to'atame Kantiibaan Niis Kiristaan Estorii haalli jiru hundi gochi raawwatame 'haleellaa shororkeessummaa handhuura mana amantii Nootar Daam Basilikaatti raawwatame' ta'uu wanti akeekuu jiraachuu dubbatan. Poolisiin akka jedhetti haleellaa kanaan dubartiin tokko mormatu irraa kutame, kaan waraanamanii lubbuun isaanii bahe. Kantiibichi gochicha 'islamofascism' ykn 'gocha gara jabinaa amantaa Islaamaa daheeffate' jechuun ibsan. Namni haleellaa kana raawwachuun shakkame madaa'ee to'annaa jala kan oolfame yoo ta'u, bakka yaalamaa turetti irra deddeebiin 'Allahu Akbar [ Waaqayyo guddaadha] jechuun dubbataa ture' jedhan. Estoriin akka jedhanitti kanneen ajjeefaman keessaa tokko nama mana sagadaa Notar Daamitti keessa hojjetudha. Ministeerri dhimma biyya keessaa namootni naannicha akka hin deemne akeekkachiiseera. Pireezidant Emaanu'el Maakiroon ammoo Kamisa sa'a booda kana bakkicha ni daawwatu jedhamee eegamaa jira. Yaa'ii Biyyaalessaa ministitirri Muummee Jiin Kaasteksi waa'ee uggura sochii fi yeroo labsame irratti ibsa yoo kennan yaadannoon sammuu callisa daqiiqaa tokkoo kanneen du'aniif taasifameera. ''Gaaffii tokko malee kun qormaata guddaa biyya keenya miidhaa jirudha'' jedhanii tokkummaan akka dhaabbataniif waamicha dabarsan. Magaalaan Niis yeroo dhiyoon as qiyyeeffannaa halaallee adda addaa keessa kan galte yoo tahu bara 2016 keessa lammiin Tuniziyaa ganna 31 tahe konkolaataa namoota baay'atanii ayyaana irratti argamanitti oofuun lubbuu namoota 86 galaafatee ture. Guyyaa tokko booda lubni Jaakuus Hamel yeroo kadhannaa waldaa Ruheen taasisanitti morma kutamuun ajjeefaman. Haleellaan kun jalqaba ji'a kanaatti Kaaba Lixa Paarisitti ajjeechaa mana barumsaa tokko cinaatti barsiisaa tokko irratti raawwateen duuba kan dhaqqabedha. Barsiisaan Saamu'eel Paatii kaartuunii falmisiisaa tahe kan Nabiyyuu Mohaammad ijoolleetti agarsiisuun guyyaa tokko booda mormi irraa kutamuun ajjeefame. Pireezidant Maakiroon ajjeechaa kana wayita balaaleffatan gocha barsiisichaa deeggaruu isaaniitin hogganoota biyyoota Arabaa fi muslimoota kutaalee addunyaa adda addaarra jiraniin balaaleffatamaa turan.
oduu-51894843
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51894843
Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf bilbila keessan akkamiin qulqulleeffattu?
Bilbila harkaa keessan kiisa keessan keessatti, borsaa keessan keessatti, yeroo tokko tokko ammoo qabattaniiyyu mana fincaanii ykn mana boolii ni deemtu ta'a. Kanaaf, bilbilli keessan hangam akka jarmoota hedduu qabaatu tilmaamtanii beektuu? Koronaavaayiras akka hin qabnellee maalitti beektuu?
Dhaabbanni Fayyaa ddunyaa (WHO)n koronaavaayiras dhibee fayyaa addunyaa haala hama ta'een weeraraa jiru akka ta'e labseera. Dhaabbati kun dhibee kana irraa of ittisuu akka dandeenyus ibseera. Ofirraa ittisuudhaaf wantota nuti gochuu qabnu keessaa tokko harka keenya yeroo yerootti sirriitti dhiqachuudha. Fuula keenya ammoo irra deddeebinee tutuquu dhiisuudha. Akkasumallee, yeroo qufaanuufi axxifannutti afaaniifi funyaan keenya softiidhaan ykn ammoo hirree keenyaan ofitti aguuguun ta'uu qaba kanneen jedhan barbaachisoodha. Mana keenya keessattis ta'e bakka hojjennutti wantota harkaan yeroo baayyee tutuqaman qulqulleeffachuun karaa dhibee kana ittiin ittisan keessaa tokkodha. Haata'u malee, bilnbla keenya yeroo hedduu waan tutuqnuuf akkamitti akka qulqulleeffannu hanga ammaatti itti hin yaadne taanaan qabxiin itti aanu kun hubannoof isiniif ta'a. Dhaabbanni dhimma fayyaa Ameerikaa to'atu CDC jedhamu jarmoonni yeroo qufaanuufi haxxiffannu qaama keenya keessaa bahan bakka irra bu'anirra osoo hin du'iin saatiiwwaniif turuu danda'u jedha. Kana waan ta'eefis, wantota xuraa'anii mul'atan ykn yeroo hedduu tutuqaman akka qulqulleeffachuu qabnu ni gorsu. Qulqulleessuufi vaayrisasiirraa bilisa taasisuun garuu garaa garummaa qaba jedha dhaabbanni kun. Jalqa irratti xurii isaa qulqulleessuu, itti aansuun ammoo vaayirasiirraa bilisa taasisuudha akka barbaachisu hubachiisu. Bilbila keenya qulqulleeffachuudhaaf harka dhibba keessaa 70 haxooftuu alkoolii qabdu fayyadamuun kan danda'amu yoo ta'u barakiinaan garuu hin gorfamu. Saamunaan salphaa ta'eefi bishaanis akka fayyadu ogeessonni ni gorsu. Dr. Leenaa Siiriik Yunvarsitii Kollejjii Landanitti Maayikirooloojistiidha. Akka ogeettiin kun gorsanitti bilbila keenya qulqulleessuudhaaf jalqaba chaarjerii irraa buqqaasuu, itti-aansuun ammoo qola kan qabu yoo ta'e irraa baasuudha. Omishtoonni bilbilaa gurguddoo ta'an bilbila keenya qulqulleeffachuudhaaf keemikaalota harka keenya ittiin qulqulleeffanuufi wantota biroo harka keenya ittiin qulqulleeffachuuf fayyadamnu, akkasumas haxooftuuwwan shakaaraa/jajjabaatoo ta'an fayyadamuu hin gorsan. Kanaaf ammoo sababiin iskiriinii bilbila keessanii akka hin miidhamne kan ittisu ykn akka hojii ala hin taane kan eegu balleessa jedhameeti. Kana waan ta'eef jedhu Dr. Leenaan, jirbii ykn erbee/huccuu jirbii irraa hojjetame bishaaniifi saamunaatti cuubuudhaan/jiisuudhaanqulqulleessuun gahaadha. Jirbiidhaan ykn erbeedhaan/huccuudhaan iskiriinii ykn dugda bilbila keessanii qulqulleeffachuu ni dandeessu. yeroo akkasitti qulqulleessitan garuu dhangala'aan fayyadamtanii qulqulleessitan karaa qaawwaa akka gara bilbila keessa hin seenneef of eeggannoo taasisaa. Bilbiloonni bishaan dandamatan tokko tokko yoo jiraatanillee, yeroo booda garuu dandeettii dandamachuu isaanii dhabaa deemuu ni danda'u jechuun dubbatu ogeessonni. Erga sirriitti haxooftanii booda huccuu/erbee lallaaftuu taateen ammoo gogsuu hin dagatiinaa. Dr. Leenaan akka jedhanitti, bishaaniifi saamunaatiin bilbila keessan qulqulleessuun vaayirasoonniifi jarmoonni bilbila keessanirra akka hin jiraanne ni qulqulleessa. Yoo bilbiloota iphone fayyadamtu ta'e bilbiloota Apple ta'an haxooftuuwwan harka dhibba keessaa 70 alkooliiwwan Ayisoopirooppel ta'aniin qulqulleessuu akka dandeessan ni gorfama. Haxooftuuwwan kunneen mana meeshaalee kompiiteraa itti gurguraman keessaa argachuu ni dandeessu. Akkaataa kanaan bilbila keessan erga qulqulleeffatanii booda harka keessan hin dhiqamneen deebitanii fayyadamtu yoo ta'e bilbilli keessan deebi'eetuma jarmootaan guutama. Kana waan ta'ee, yeroo yerootti harka keessan dhiqachuu gonkunaa hin dagatiinaa!
oduu-41521807
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41521807
Waadaan bara darbee motummaan galame eessa gaheera?
Mootummaan Itoophiyaa yeroo adda addaatti ummatarraa mormiin isa mudataa jira.
Kanneen keessaayis inni duraa rakkina filannoo bara 1997tiin walqabate yoo ta'u, kan biraa ammoo mormii kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti erga waggoota lamaan darbanii as adeemaa jiru dha. Mootummaan rakkoolee siyaasaa mormii kanaaf sababa ta'an hiikuun tasgabbii buusuuf qophaa'aa ta'usaa Pirezidaanti Dr. Mulaatu Tashoomaa, Fulbaana 30, 2009 A.L.I, baniinsa paarlaamaa bara darbee irratti dubbatanii turan. ''Rakkoolee keenya sadarkaa uummata keenya quubsuun deebii kennuu akka dandeenyutti tokko tokkoon irratti mari'achuu qabna,'' jedhaniis turan. Haaluma kanaanis, qoodinsa diinagdee haqa qabeessa, dhabiinsa haqaa fi rakkoolee bulchiinsa gaarii uummata biyyattii hedduu miidhe, akkasumas yaada ofii bilisaan ibsachuu fi rakkoolee mirgoota siyaasaa kan biroo kabachiisuu irratti akka xiyyeeffatamu waadaa galanii ture. Raawwiin waadaa pireezidantichaa maal fakkaata kan jedhu gaaffii namoota hedduuti. Biirri Biiliiyoona 10 furmaata yerootiif? Mootummaan jalqaba bara darbee, rakkoolee jiraniif quba gara alaatti qabuu dhiisuun, gaaffiin dargaggootaa dhuga-qabeessaa fi kan hir'ina bilisummaa siyaasaa irraa maddee ta'u, akkasumas rakkoo naannolee 2 qofa osoo hin taane kan guutuu biyyattii ta'uu Ministirri Muummee Hayilamaariyaam Dassaalany dubbatanii turan. Haaluma wal-fakkaatun, rakkoolee fi gaaffiiwwan dargaggootaaf deebii bu'uuraa kennuun kan yeroon itti kennamu akka hin taane Dr. Mulaatuun himanii turan. Dargaggoonni hedduun lafa irratti hojjetan dhabuun baadiyyaa irraa gara magaalaatti godaanuun dirqama itti ta'uu eeran. Rakkoo kanaafi kanneen biroo dargaggootni biyyattii qaban furuuf, fandii dargaggootaa birrii biiliyoona 10 mootummaan ramaduun, karaa Ministeera Dargaggoo fi Ispoortiin naannoolee akka gahu taasifameera. Waliigalattis, dargaggoota baadiyyaa miliyoona 1.7 fi kan magaalaa miliyoona 1.5 ta'an fayyadamtoota ni ta'u jedhame karoorfatamee ture. Haala hojiirra olmaa fandii kanaan walqabateenis dhaabbileen liiqaa keennan gama humnaatiin hanqina akka qaban ni dubbatama. Karoorri gama kanaan bara darbe karoorfamee ture maalirra akka jiru ragaan dhihootti argamu baatulleen, gaaffileen ka'aa jiru. ''Ka'umsa irraayyuu furmaatichi kan kenname erga rakkinichi gadi fageenyaan qoratameen booda miti, furmaatichi yeroof kan kenname ture,'' jechuun dura taa'aan Paartii dimokraasummaa Itoophiyaa obbo Moshee Sammu ka'umsa karooricha gaaffii keessa galchu. ''Bajata ramadameen jiruun dargaggootaa fooyya'usaatiif mallattoon argame homtu hin jiru,'' jedhaniirus. "Walakkaan bajatichaatu hojiirra hin olle,'' kan jedhan ammoo qondaalli paartii Madirakii obbo Gabruu Asiraat. Kana malees bakka tokko tokkotti, dargaggoonni dhibbeentaa 20 akka qabsiisaniif gaafatamun isaa haalli hojimaatichaa sirrii akka hin turre kan agarsiisuudha jedhaniiru. Kana malees motummaan dhimma mataasaatiin waan qabameefu kanaaf xiyyeeffannaa gahaa hin kennineefis jedhniiru. Akka obbo Gabruutti, gaaffiin dargaggootaa kan dinagdee qofa osoo hin taane, haalli bilisaan socha'anii itti hojjatan akka mijaa'uufi barnoota sadarkaa gaariin isaan gahu argachuu dabalata. ''Har'a garuu manneen barnoota bakka olmaa ta'aa jiru,'' jedhaniiru. Pireezidaanti Dr. Mulaatu Tashoomaa Haaroomsa "gadi fagoo"? Haasaa baniinsaa Pireezidaant Dr. Mulaatu Tashoomaa taasisaniin, Motummaa fi dhaaba biyya bulchu keessatti haaromsi gadi fagoo fi jijjiiramni ijaarsaa bu'uuraa akka taasifamu waadaa galanii turan. Haaluma waadaa Pireezidaanitichaatiin, ADWDUI'n gamaggama cufaa ji'ootaaf gaggeesse ture. Dhaabbiilee miseensaa biroos hoggantoota olaanoo hanga kan gadiitti qofaatti gamaggama taasisanii turan. Motummaan federaalaas kaabinoota isaa akka haaraatti ijaaruun, barsiiftoota yuunivarsiitii hedduu gara taayitaa olaanaatti fideera. Barsiisoota gara taa'yiitaatii fidu hin mormiine Obbo Musheen. Garuu maqaa nama tokkoo caqasuun, nama tokko waajiraalee sadiitti gegeedaruun isaa dhaabbatichi dadhabaa ta'usaa fi namoota geessaa akka hinjirree kan agarsiisuudha jedhaniiru. ''Hojii motummaa deebiisanii ijaaru hinjibamu, garuu biyyattiin nama hagaa kan biraa hinqabduu?'' jechuunis gaaffii kaasu. "Mormiin Itoophiyaa keessatti ka'e bu'aa rakkoolee walxaxoo hedduu ta'eef, dhimmicharratti dubbachu kan qabaatu dhaabbata tokko qofaa miti." Ifatti uummanni irratti mari'achuu qaba. Kun ta'uu baannaan sochiin taayitaarra turuuf taasifamu bu'aa hin qabaatu. Adeemsi akkasi kun biyyattiis gatii baay'ee baasisuu danda'a, jedhu obbo Musheen. Mormiin biyyattii keessatti uumame akka ADWDUI'n jedhutti rakkina biirokiraasii akka hin taane kan amanan Obbo Gabruun, jijjiramni imaammataa fi ilaalchaa akka taasifamuu gaafatu. ''Waan baayyee yoo jedhames gama hojiitti kan hiikame hin jiru'' jedhu obbo Gabruun. "Hidhamaa fi kan hidhu waliin hin marii'atan" Filannoo biyyaaleessaa marsaa 5ffaa Caamsaa 2007 A.L.I gaggeefameen, ADWDUI'n guutummaatti mo'achu labseera. Ta'us boromtaa motummaa itti hundeessetti, mormiin naannoo Oromiyaatti eegalee, gara Naannoo Amaaraatti darbe. Mormii naannoolee gurguddoo biyyattiitti uumame kanas hir'ina bulchiinsa gaariitii jedhe ture motummaan. Garuu namoonni siyaasaa tokko tokko bu'aa bilisummaa siyaasa dhabuu akka ta'e dubbatu. Pirezidaantichis tibba haasaa taasisan, sagaleen namoota mormiitoota filatanii waan bakka hin buuneefuu, seera filanno fooyyeessuun akka barbaachisu caqasanii ture. Kana malees seerrawwan kan akka seera pireesii, waldaalee sivikii fi seerri farra shororkessummaa akka fooyyeefaman abdatamee ture. Mootummaan kana hojiirra oolchuuf paartiilee siyaasaa waliin mari'achuu akka furmaataatti qabachuu kanneen 20 ta'an waliin marii eegalee ture. Garuu mariichi jalqaba irraa walii galtee kan dhabe ture. Takka turees paartiilee muraasni adeemsicha keessaa bahan. ''Isaan marii'atan eenyuudha? Uummata kam bakka bu'uu?'' jechuun kan gaafatan Obbo Musheen adeemsicha irraayis homaa akka hin eegne ibsu. Paartiin isaanii Madirak yeroo jaha oliif marii irratti hirmaachusaa kan dubbatan Obbo Gabruun, miseensoonni hedduun hidhaarra osoo jiranuu hidhamaa fi kan hidhu waliin mari'achuun baay'ee rakkisaa ta'u dubbatu. Faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu? Heerri mootummaa boqonnaa 49/5 irratti faayidaan addaa naannoon Oromiyaa Finfinnee irraa qabu ni eegamaaf jedhemu illeen osoo gara hojiitti hin geeddaramiin baroota dheeraaf turee jira. Garuu Pirezidaantichi haasaa isaanii waggaa kanaatiin, manni marii faayidaa addaa naannoon oromiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee irratti qabaatu akka raggaasisu dubbatanii turan. 'Wixineen labsii' naannoon Oromiyaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi sadarkaa federaalaatti irratti mari'atame jedhame akka raggaasifamuuf mana mareetiif Waxabajjii bara 2009 A.L.I dhiyaate ture. Boodarra garuu wixinee labsii kanaa irratti mormii kanaan, dursa uummata irratti mariisisuuf akka turu taasifame. Pireezidaantichi haasaa baniinsaa bara kanaatiin hoo waa'ee dhimoota kanneeniif deebii ni kannuu laata?
oduu-45080577
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45080577
Mootummaan Sudaan Kibbaafi finciltootni waliigaltee araaraa mallatteesan
Mootummaan Sudaan Kibbaa hoogganaa finciltootaaf aangoo qooduuf waliigale.
Ree'iik Machaarii fi Saalva Kiir Sudaanitti waliigaltee araaraa mallateesaniiru Pireezidantiin biyyattii Saalvaa Kiiriifi hoogganaan finciltootaa Riik Machaar walii galtee araaraa kana Sudaan keessatti mallatteesan. Waliigaltee kanaan Machaar, aangoowwan itti aanaa pireezidantii shan keessaa isa tokko kan qabatan yoo ta'u waligaltichi waraana waliinii waggoota shanan darban lubbuu namoota kumoota kidhaniin lakkaawamanii gaaga'e fi miiliyoonota buqqise ni dhaaba jedhameera. Yaaliiwwan kanaan dura waldhabdee kana furuuf taasifaman osoo hin milkaahiin hafaniiru. ''Duraan dursee, dhimmoota gurguddoorratti walta'aniiru. waliigalteen kun dhaabbileen hunduu waraana dhaabuuf waadaa galan agarsiisa,'' jedhan ministirri haajaa alaa Sudaan kan jaarsummaan jara walitti fidan Al-Dirdiirii Mohammad. Pireezidant Kiir jimaata darbe dubbii dubbataniin akka kanaan duraa yaaada furmaataa ''nurratti fe'ame'' waan hin taaneef fudhatama akka argatu abdii guutuu qabaachuu himaniiru. '' wal-ta'iinsi alanaa hin kufu . Ani waliigalteen kun kaniin hin kufu jedhuuf uummattootni Sudaan Kibbaa nagaa walii kennuuf waan waliigalaniifi,'' jechuun dubbachuu isaaniis Rooyitarsi gabaaseera. Ree'iik Machaarii fi Saalva Kiir Sudaanitti waliigaltee araaraa mallateesaniiru Sudaan Kibbaa bara 2011tti Sudaan irraa fottoquun biyya ofii dandeesse kan taate. Erga bara 2013tiis waraana waliinii sabummaa irratti xiyyeefateen hunkuramaa jirti. Waldhabdeen uummatoota biyyattii kan hammaate gosa Dinkaa kan Kiir keessaa dhalataniifi Nu'eer kan Machaara keessaa dhalatan gidduutti jabaateeni. Waraanni kun kan hammaatee eegale wayita itti aanaa pireezidantii yeroo sanii kan turan Machaariin fonqolcha mootummaa raawwachuuf yaadeera jechuun aangoorraa ari'an yoo ta'u Machaar himannaa kana sobadha jedhan.
oduu-47242527
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47242527
Ijoollee Abdii: Seenaa imala ijoollee Oromoo gurguramanii Itoophiyaa haga Afriikaa Kibbaatti
Ganna hedduun dura dubartiin lammii Afriikaa Kibbaa Saandiraa Sheel, Mana Kitaabaa Koorii jedhamu keessa kaataaloogii/baafata wabii irratti jecha 'Ijoollee Oromoo' jedhu ilaalte.
Beerilee Bookoo- Lovedale'tti 1899 Odeeffannoo jiranis deemtee dubbifte. Seenaa daa'imman Oromoo gabrummaaf gurguramanii. Ijoolleen kunniin eessa turan? Garam dhaqan? Horteen isaanii jiruu?... Egaa akkasiin seenaan ijoollee kanaa himamuu kan eegale. ALA 1888 fi 1889tti humni galaanarraa Biriteen, doonii waraanaa HMS Osprey jedhamtu gargaaramuun, bidiruuwwan sadii garboota fe'uun gara Baha Giddugaleessaatti geessuun gurguruuf turan to'annoo jala oolchuun, garboota achi keessa turan bilisa baasan. Lakkoofsi ijoollee Oromoo bidiruuwwan kanneen keessa turanis 204 yogguu tahu, kanneen keessaa ijoolleen Oromoo 64 gara wiirtuu mishinariitti geeffaman. Garboota kanas iddoo Sheikh Ottman jedhamu kan biyya Yamanitti argamutti geessan, achiis Afrikaa Kibbaatti. Waggoota muraasaan boodas ijoollee kanneen keessaa 17 ka tahan biyyattii deebi'aniiru. Mishinaroonni Iskootish iddoo Sheekh Otmaan jedhamutti argaman tokkoon tokkoon ijoollee Oromoo 64 kanneen waliin gaaffiifi deebii tolchan. Ragaan gaaffii fi deebii kanaas haga Dr. Saandraan gaafa sana argatutti, girgijjii (shelf) mana kitaabaa keessa iddoo tokkotti awwaalamee ture. Tarii seenaan ijoollee kanaa dhokatee hafa turee? Moo ammas seenaa ijoollee kanaa baruuf waggoota 100 ol eegna turre? Barruu kanaan qabiyyee kitaabichaa, eenyummaa barreessituu, seenaa ijoollee muraasaa fi dhimmoota biroo isin baruu qabdan, gaaffiifi deebii Dr. Sandra Shell waliin taasfinee fi ragaalee kitaabicharraa arganne qixeeffanneerra. Dhiyaadhaa. Dr. Saandraan dhamaatii waggoota hedduun booda kitaaba matadureen isaa Children of Hope: The Odyssey of the Oromo Slaves from Ethiopia to South Africa jedhu ji'oota muraasaan dura maxxansiifte. Hiikaa gitaa - Ijoollee Abdii: Imala dheeraa garboota Oromoo Itoophiyaa hanga Afriikaa Kibbaa Kitaabni kun kitaabota biroo kan seenaa gabrummaa Afriikaa, keessattuu kan Baha Afriikaa seenessan kaan irraa maaltu adda isa taasisa? Ijoolleen kun erga qabamanii kaasee haga gurguramanii, bilisa ba'anitti seenaa jiru nutti hima. Bishoo Jaarsaa: Gatii boqqolloon gurguramte; barsiistuu taate Bishoo Jaarsaa Lovedale'tti-tilmaamaan 1898tti Dr. Saandiraa Sheel ijoollee jaalattu keessaa Bishoo Jaarsaan ishee tokko. ''Wal-caalchisuuf natti ulfaatus, cimina ishee hedduun dinqisifadha,'' jetti. Bishoon 1874 dhalatte*. Haatishee Dingatii jedhamu turan. Abbaa fi haatishee bara hamaa 'Bara Baliyyaa' jedhamuun beekamu keessa du'an. Erga maatiinshee du'anii booda, garba maatiisaanii nama ture bira jiraachuu eegalte. Barichi hongee cimaan kan itti hammaate waan tureef, mandara Gobbuu jedhamtu keessa nyaata akka bitaniif namicha tokko waliin ergamte. Erga iddoo gabaa gahanii booda namtichi gatii boqqollodhaan gurguree deebi'e. Daldaltoonni Axaarii jedhaman gabaadhaa ishee bitanii gara iddoo Warakallaa jalatti argamtu Ancaarroo jedhamtutti geessuun daldalaa biraatti gurguran. Daldalaan kunis daldalaa biraa Adaalitti argamutti gurgure. Innis Daawwee keessa bahuun Taajuraa geesse. Taajuraan magaalaa qarqara galaanaa Jabuutiitti argamtudha. Ijoollee kaan wajjin Taajuraatti bidiruurra kaa'anii imala erga jalqabanii booda sagalee dhukaasaa dhagahan. Achis bilisa ba'anii gara Yamanitti geeffaman. Boodarras ijoollee Oromoo kaan waliin, mishoinaroonni Iskootlaand gara Afrikaa Kibbaatti fudhatanii, iddoo jaarmiyaa Lovedale jedhamu keessa galchan. Waggoota hedduun booda Lovedale keessa barsiistuu taate. Achuma barataa kan ture Fredrich jedhamutti heerumte. Isaanis walitti ijoollee 4 godhataniiru. Ilmi intala Bishoo Neville Alexander jedhamu - namoota bilisummaa Afriikaa Kibbaaf qabsaa'an keessaa maqaa guddaa kan qabu ture. Dr. Neville Alexander- 2008tti Pireezidantii duraanii biyyattii Nelsan Maandelaa waliin Odola Roobin irratti waggoota 10f hidhameellee ture. Amma Neville lubbuun haa jiraatuu dhabu malee, Saandiraan isa waliin walargitee waahee akkawoosaa haasa'uu isaanitti hedduu gammaddi. Tolasaa Wayyeessaa - barataa cimaa fi loltuu Tolasaa Woyyeessaa Lovedale'tti Bara 1877tti naannoo Jimmaa iddoo Tibbee jedhamtutti dhalate. Haati isaa Hataatu jedhamu. Abbaan isaa lafa qonnaa bal'aa qabu turan. Akkasumas qotiyyoo digdamaafi hoolota 15 qabu turan. Gaaf tokko Tolasaan naannoo qe'ee isaaniitti taphachaa ture. Namoonni sadii Tolasaatti siquun ''Fardatu nu jalaa bade. Wayi agartee?'' jedhaniin. Innis fardicha akka argee fi garam akka deeme itti hime. Wayita kana Tolasaan jarreen kana shakkeera. Battaluma uffatasaa gogaaraa hojjetame achumatti gatuun fiigichatti kute. Garuu jarreen kana fiigichaan jalaa bahuu hin dandeenye, reebanii qaqqaban. Ukkaamsanii caakkaatti galchan. Jarri kun gara iddoo Goda Waraabessaa jedhamutti geessuun daldaltoota garbaatti gurguran. Achis daldaltoonni kunniin gara gabaa Billootti geessan, kunis Goda Waraabeessaa irraa deemsa torban lamaati. Achii booda akkuma ijoollee kaanii naggaadota Axaariitti gurgurame. Boodarras erga daldaltoota hedduutti gurguramee booda, iddoo qarqara galaanaa Araayitoo jedhamtutti bidiruun ceesisan. ''Tolasaan barataa cimaa ture,'' jetti Saandraan. Tolasaan Waraana Anglo-Boer kan bara 1899- 1902tti godhamerratti, gama Biriteen hiriiruun, konkolaachisaa tahuun tajaajileera. Iddoo waraanaa turerraa gara jaarmiyaa itti guddate - Lovedale'tti waahee muuxannoo isaa xalayaa barreessaa turuu ni dubbatti Saandraan. Waraanni, namni nama ajjeesuu, fardeen dhukaasanii ajjeesuun daran garaasaa hammeessaa akka ture barreessaa ture. Achiin boodas Tolasaan gara biyyaatti deebi'uun hojii Afaan hiikuu hojjeta ture. Kanaanis wayita daandiin baaburaa inni jalqabaa Jibuutiirraa- hanga Finfinneetti ijaarame keessa afaan hikuun tajaajilaa tureera. Berilee Bookoo - Intala Mootii Beerilee Bookoo- Lovedale'tti 1899 ''Berileen intala mootii turte, bareedina ishee jechaan ibsuun na dhiba,'' jetti Dr. Shell. Berilee Bookoo 1875tti dhalatte. Haatishee Turungii jedhamti. Maqaa iddoo dhaloota ishee haa beekuudhaa baattuyyuu, biyyi koo Laga Gibeetti dhihaata jetti. Abbaanshee abbaa qe'ee (chief) kan turan yogguu tahu, guddinni lafa qonnaa qaban naanna'anii xumuruuf guyyaa tokko fudhata. Horii baayyees horsiisu, mana isaanii keessaaa garba tokko qabu. Gaaf tokko warri 'Sidaamaa' qe'ee isaanii tasa weeraruun, maatiisaanii hunda fudhatan. Achiis mana 'Sidaamaa' tokkotti ji'a tokko erga tursisan booda gar Daldalaa Guduruutti geessuun gurguran. Daldalaan kunis garboota hedduu qaba ture. Namtichi kunis Taajuraatti, daldaltoota Adaalitti gurgureen. Achiis ijoollee durbaa 22 fi dhiiraa 28 waliin bidiruun galaanarra imala eegalan. Imalli isaanii xumuramee qarqara galaanaa wayita gahuuf jedhan, bidiruun Ingilaand dhukaasa itti bane. Akkuma taate bidiruusaanii gara lafatti olbaasanii keessaa baqachuun daggalatti guyyoota lamaaf dhokatan. Bosona baqatan keessaa qabamanii gara magaalaa Hodeidah jedhamtutti fiduun gurguran. Namni Berilee bite Abba Grant jedhama. Innis doolaara 175'n bitee bilisa baase. Gara giddugala mishinarii iddoo ijoolleen kaan jiranitti geesse. Ijoollee garbummaa bilisa bahanii waliin jiraachaa turan- Liiban Bultumitti heerumte. Abbaa manaashee fi ijoollee isaanii lama wajjin biyyatti deebi'an. Liiban erga biyyattii deebi'ee booda galmee jechootaa Afaan Oromoo -Afaan Ingiliizii irratti hirmaachuun dhugoomseera. Barreessituun kitaaba kanaa Sandra Shell eenyu? Biyyattii kibba Afriikaa Zimbaabweetti kan dhalatte Saandraa Sheel (PhD), hojiishee kan eegalte qorattuu mana kitaabaa keessaa tahuuni. Yeroo ammaa jireenyashee Afriikaa Kibbaa, magaalaa Keeppi Taawonitti kan godhatte hayyuun kun, kitaabota hedduullee barreessuun maxxansiteetti. Yeroo ammaa Yunivarsiitii Rhodes keessa Senior Research Associate (Cory Library) tahuun tajaajilaa jirti. Dr. Sandra Rowoldt Shell Akkuma lammiilee Afriikaa Kibbaa hedduu waa'ee Itoophiyaa fi keessattuu waa'ee uummata Oromoo waan hedduu waanin beeku hinturre kan jettu Saandiraan, erga Mana kitaabaa Koorii keessatti waa'ee seenaa ijoollee kanaa dubbiste garuu, waa'ee saba kanaa baruuf fedhii hedduu horatte. Waa'ee eenyummaa ijoollee kanaa wantin beeku hinturre kan jettu Saandraan, waa'eesaanii waahila koo gaafadhe jetti. Innis gabaabumatti seenaasaanii isheetti hime. Ergasiis waggoota hedduuf xiyyeeffannoo qorannoo ishee dhimmumma seenaa gabrummaa ijoollee Oromoo kanaa gooteetti. Manni kitaabaa Koorii kunis galmee ijoollee kanaa kan keessa kuufamee jirudha. Gara xumura 2018ttis kitaaba Children of Hope maxxansisteetti. Fudhatama gaarii akka argattes dubbatti. Kun garuu yeroo hunda miti kan jettu Saandiraan, erga 2011 seenaan ijoollee kanaa miidiyaa gubbaatti bahee, hanguma namoonni daran ishee jajjabeessaan jiranii, muraasni ammoo yaada 'fokkisaa' tahes keennaniif turan. Garuu ''isaan kanaaf jedhee imala koo gara fuuladuraa hindhaabu. Inuman itti fufa,'' jetti. Saandraan seenaa ijoollee kanaa himuu keessatti hayyoota Oromoo fi hawaasa Oromoo biyyoota garagaraa jiran waliin yeroo yeroon walitti dhufeenya gaarii qabdi. Akka fakkeenyaafis Piroofesar Makuriyaa Bulchaa fi Pirof. Mohaammad Hasan waliin hojjetteetti. Hojii isaanis irra deddeebiin waabeffatteetti. Horteen ijoollee kanaa eessa jiru? Dr. Saandraan hortee ijoollee gabroota Oromoo kanneenii qunnamuuf carraa argatetti. Kunis hedduu akka ishee gammachiisu dubbatti. 2013tti hortee Tolasaa Wayyeessaa kas tahe Biruuk Tarrafaa jedhamu waliin Ameerikaa, Baaltimooritti walarguu isaanii yaadatti. Guyyaa sana gammachuurraa kan ka'e bo'aan ture jetti. Horteen Tolasaa biroon Do'ii Birhaanuu jedhamtu 2016tti Afriikaa Kibbaa, Keeppi Taawon dhuftee torban sadii waliin dabarsineerra jetti. Hanga ammaatti kanneen lamaan qamaan haa argattu malee, maxxanfamuu kitaaba kanaan booda kanneen biroos argachuuf abdii qabdi. 'Callisa garmalee' ''Waa'ee uummata Oromoo namootatti wayita haasa'u namoonni hedduun eenyu akka ta'an quba hinqaban. Seenaan Oromoo hawaasa addunyaa biratti himamuurratti 'Callisni dimshaashaa garmalee' tureera,'' jetti Saandraan. Kanaaf seenaa ijoollee kanaa qorattee gara waltajjiitti fiduun, uummanni idil-addunyaa waa'ee uummata Oromoo akka beeku gochuu ture fedhiin ishee. 'Alergii isa olaanaa' Barreessaan seenaa Jon R. Edwards waan jedhu, ''xumura jaarraa 19ffaatti Itoophiyaan waanta biyya alaatti ergitu keessaa garboonni isa guddaa turan''. Ergamtoonni Minilik 2ffaa garba bulchiinsa Shawaa (Shoa Kingdom) isaa keessa darbu tokkoon tokkoon isaanii irraa qaraxa guuraa turan. Kana malees garbi mootummaa isaa jalatti gurguraman tokkoon tokkoof qaraxni biraa ni guurama ture. Maallaqa kanarraa guuramuus warra Faransaay irraa qawwee itti bitataa turan jetti. Kanumaanis ALA 1889 tti barcuma mootummaa qabatan. 'Bara Beeliyyaa' Ijoollee kanneen keessaa harki 30 abbaafi haadha hin qaban ture. Kanaafis sababni inni guddaan beela hamaa seenaa Itoophiyaa keessatti isa hamaa tahe 'Bara Beeliyyaa' jedhamu kan bara 1887'rraa eegalee biyyattii darare akka tahe dubbatti Saandraan. Bara hamaa kanaanis roobni bara 1887tti caame, bara 1892tti irra deebiin roobe. Waggoota shan guutuuf hongee guddaan lubbuu hedduu balleesse. Ijoollee kana keessaa tokko kan turte Bishoo Jaarsaa waan yaadattu, abbaa fi haatishee dhibee bara sana hongee waliin dhufe sanaan lubbuu dhabuu dubbatti. Kana malees hongee kanaan walqabatee dhukkuba horii babal'ateen, horiin harki 95 tahu biyyattiirraa dhabamuu ragaaleen ni mullisu. Seenaa waloo 'Prosopography' Sandiraan kitaaba kana keessatti seenaa ijoollee kanaa akka gareetti himuu maaliif barbaadde? Abbaan manaa ishee qorataa seenaa garbaa kan turan yommuu tahu, qorannoon isaas yeroo hedduu mala baayyina lakkoofsaa (quantitative historian) irratti kan xiyyeeffatedha. Abbaan manaashees seenaa ijoollee kanaa wayita ilaalu, ijoolleen kunniin hundi af-gaaffii walfakkaataa gaafataman. Ijoollee 64'n kanniin namoota shantu gaaffiidfi deebii waliin tolche. Kanneen keessaa sadi namoota Afaan Oromoo akka dansaatti hasawuu kan beekanidha. Namoota kanneen keessaa namni Gabruu Dastaa jedhaman, jireenya ijoollee kanneen keessa shoora guddaa qabu ture. Abba Gabruun boodarra kantiibaa Magaalaa Harar ta'aniiru. Seenaa ijoollee kanaa ija ogeessa seenaan wayita ilaalan, seenaan ijoollee 64'n hunduu haga tahe walfakkaata. Kanaaf seenaa ijoollee kanniin tokko tokkoon himuu mannaa, akkuma waligalaatti waahee seenaa gabrummaa ijoollee Oromoo kanneenii fi garboota kan Gaanfa Afrikaas himuu qabna jenne. Akka gareetti muuxannoo qaban, seenaa qooddtan, akkaataa keessa dabran fi kanneen biroo ilaaluun barbaachisaadha. Dokumantiin argame kunis kan adda isa taasisu, amma dura seenaa gabrummaa keessatti seenaan ijoollee lakkoofsaan hagana gahan iddoo tokkotti argamuu isaati. Kunis gaaffilee kanneen akka: garaagarummaa ijoolleen durbaa fi dhiiraa gidduu jiru Akka gareetti ilaalu isaaniitiin argannoowwan argatan keessaas fakkeenyaan ennaa kaastu Dr. Sandra Shell, ''Ijoolleen durbaa afur ijoollee moototaa turan. Yookaan ammoo abbootiin isaanii bulchitoota naannichaa turan,'' ''Kunis [bara sana] yoo maatii soreeyyii tahanirraas dhuftu, yookaan maatiin kee qabeenyaa hinqaban taanaan, carraan gabrummaaf saaxilamuuf qabdu walqixa,'' Kunis baayyee akka ishee ajaa'ibsiise dubbatti Saandiraan. Karoora fuuladuraa Kitaabni kun dubbistoota Itoophiyaa bira akka gahuuf hojjechaa akka jirtuufi dhiyenyattis gara itoophiyaa imaluun waahee kitaabichaa akka dubbattu beeksifteetti. Kana malees kitaabichi Afaan Oromoo fi afaanota biraatti akka hiikamuufillee nan hojjedha jetteetti. Mirga kitaaba kanaa kan qabu Ohio University Press akka taheefi isaantu waan kanarratti murteessa jetteetti. Namoota hedduurraayis seenaan kitaaba kanaa haala fiilmiin yoo hojjetame haalaan bareeda akka tahes yaadni akka dhiyaatuf ni dubbatti. Kana malees yeroo ammaa barreeffamoota seenaa ijoollee dhuunfaa gaggabaaboo torba barreessitee xumuraa akka jirtus natti himteetti. ''Hojiin koo kanaan dhagaa bu'uuraa akkan kaa'etti natti dhagahama. Seenaan Oromoo ka biroo hedduu akka jiran hojiilee koorraa baruu danda'eera,'' jechuun seenaawwan hin himamne biroon akka jiran dubbatti. Tarree maqaa ijoollee Oromoo Barreessituu kitaaba kanaa kan taate Dr. Sandra Rowoldt Shell yeroo nuu kenniteef hedduu galatoomfanna. *Baroonni hundinuu Akka Lakkoofsa Awurooppaatti taa'an. *Baroonni seenaa ijoollee keessatti eeraman, tilmaamaan taa'an.
oduu-57312798
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57312798
Adamsituun qeerransa 70 ajjeesuun shakkamu barbaacha waggaa 20 booda qabame
Habiib Taaluukdaar, Habiib Qeeransicha jedhamuunis ni beekama.
Qeerransa 70 adamsee ajjeesuun himatamee waggoota 20'n darbaniif barbaadamaa kan ture Habiib, ajaji hidhaa yeroo sadi erga irratti ba'ee booda yeroo ammaa poolisiidhaan to'atameera. Habiib bosona Sandaarbaansi Maangiroov kan daangaa Indiyaa fi Baangilaadash gidduutti argamu keessa naanna'uun adamoo adamsaa ture. Bosonni adamsituun kun keessa socho'aa ture bakka qeerransi gosa Beengaal jedhamu keessatti argamudha. Akaakuun qeerransaa kun biyyoota addunyaa kamuu caalaa bakka kanatti argama. Yeroo ammaa garuu lakkoofsi qeerransaa akkaan gadi bu'eera. Foon, gogaa fi lafeen qeerransa Beengaal addunyaarratti akkaan barbaadamuurraa kan ka'e akaakuun qeerransaa kun sababa adamoon dhumaa jiru. Yakka kanaaf adda durummaan kan himatamu Habiib, waggootaaf dheessaa ture jechuun Ajajaan Poolisii Saayidar Raahmaan miidiyaa biyya keessaatti dubbataniiru. Namni umrii ganna 50 Habiib, adamsituu qeerransaa ta'usaan duratti damma oomishuun ture hojii bosona keessaa kan eegale. Namni damma oomishee muruun beekamu Abdussalaam, Habiib nama uummata naannootiin kabajamuu fi sodaatamu ta'uu AFP'tti hime. "Bosona keessatti kophaasaa nama qeerransaan wal'aansoo qabudha,'' jechuun dubbate. Qondaalli poolisii Abdulmannaan, poolisii fi bulchiinsi bosonaa waggoota dheeraaf Habiibiin adamsaa akka turan himan. "Waggoota dheeraa dura seera kaa'ame cabsuun bosona seenee bineenosta bosonaa ajjeesaa ture. Osoo himati irratti banamee jirullee gochasaarraa of hin qusanne turre. Yakka kana gareesaa waliin ta'uun raawwataa turan,'' jedha qondaalli poolisii kun. Sakatta'iinsaa fi hordoffii waggootii digdamaa booda adamsituu Habiib Sambata darbe to'annoo seeraa jala ooleera.
oduu-48278195
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48278195
Yaadannoo fonqolcha mootummaa ga'eessa ganna 74 Koloneel Kaasaaye
Yeoo sanatti ajajaa olaanaa humna qilleensaa 102ffaa Eeritiraatti argamuun ture.
Mangistuu Haayilamaariyaam Guraandhala 12 barra 1970 Mooskootti Caamsaa 8 guyyaa Kibxataa tasa biiroo janaraal Damisee Bultootti barbaadamta naan jedhan. Anis konkolaataa koo kaafachuun biiroo isaanii dhaqe. Ani yoo achi qaqqabuuttis birgaadar janaraal Kaasaaye Camadaa keessa turan. Isaan yoo bahanin ani seene. ''Oo gooftaa!'' jedheen. ''Finfinnee tasgabbii dhabiinsa xiqqootu jira. Waraana birgeedii lama qabachuun deemiitii hatattamaan tasgabbeessi, janaraal Qumilaachoon qajeelfama dabalataa siif kenna" naan jedhan. Yoon biiroo janaraal Qumilaachoo qaqqabuus ''dhuftee Kaasaaye! koottu na hordofi'' jechuun konkolaataa saanii kaafatan. Osoon dukaasaanii hordofuu humna qilleensaa Asmaraa qaqqabne. Fuuldura isaaniis xiyyaaroonni warri Raashiyaa Mangistuuf kennaadhaan laataniif dhaabbattee jirti. Xiyyaara kanaan Finfinnee deemna naan jedhan. ''Uffataafi yaadannoo hin qabanneebee gooftaa'' jennaaniin, ''...jedhii xiyyaara ittaanuun na qaqabi'' naan jechuun xiyyaara seenan. Hatattamaan fiigee mana galuun uffannaa fi yaadannoo qabadhee yoon deebi'u, xiyyaarittiin osoo hin ka'iin qaqqabe. Xiyyaricha keessattis namoonni gara 70 ta'an taa'aniiru. Humni qilleensaa ammoo antonoviiwwan afuriin fe'amanii nu hordofuun ni dhufu. Xiyyaarittiinis gara Mitsiwaatti qajeeluun gara kallattii Qaaruraa deemte. Achii deebi'uunis osoo laga Marab hin ce'iin natti fakkaata, janaraal Qumilaachoon tuf jedhanii ol ka'uun waraqaa tokko qabatanii dubbisuu eegalan. Erga rakkina uummata Eertiraafi Itoophiyaa irra gahu dubbataniin booda, dhumarra nu naasiisan. Anis kanan yaadadhu isa dhumarratti dubbatan qofaadha... ''Koloneel Mangistuun ajjeefamuun aangoorraa bufamaniiru!'' jedhan. Baay'een nahe. Yoon Asmaraadha ka'u waanan beeku hin turre. Waliigalatti xiyyaara keessa kan turre nama 73 taana. Namoonni sun hundi harka yoo rukutan ani garuu naasuun gogeen hafe. Akka nama hirribaa ka'uuttan dammaqee harka rukute. Addababbayii Abiyootitti hiriira mormii Impeeriyaalizimii bahame Ebla 23 bara 1969 Finfinneetti nama nu simatu dhabne Sa'aatii 11 irratti buufata xiyyaaraa Boolee geenyee bilbila bilbillus kan nuuf kaasu dhabne. Raadiyoo taasifnuulleen kan kaasu dhabne. Ministeera Ittisaatti bilbillee achiis eenyuu bilbila hin kaasu. Ittisa lafoottis bilbillee eenyuu hin jiru. Wal-quunnamtii hundinuu adda citeera. Edaa osoo nuti hin qaqqabiin dura dubbiin badee jira. Maaliif naan jedhi...naannoo sa'aatii 9:30tti janaraal Abarraan ministiricha janaraal Haayilagiyoorgisiin ajjeesuun miliqeera. Nuti kana hunda hin beeknu ture. Nuti kan beeknu koloneel Mangistuun ajjeefamusaati. Sa'aa sanatti waraana nuti fidnee dhufne kan nuuf qindeessu hin qabnu. Osoo nuti hin qaqqabiin ture birgeedii eegumsa addaa irra taankiin dhufuun mooraa Ministeera Ittisaa marseera. Akkuman sitti hime nuti kanas hin beeknu. Eegaa maal gootaa... humna qilleensaa wal hordofuun dhufe kaan achuma Buufata xiyyaarratti eegduu gochuu eegalle. Kaan ammoo buufata sakatta'iinsaa Aqaaqii Qaallitiirratti ramadamuun keessaafii alaa konkolaataan akka hin baaneefi hin gallee taasise. Kan hafne ammoo gara dallaa Aviyeeshinii Ittisaa deemne. Waraanni Xoollayii dhufes achumatti nutti makame. Caamsaa 8 galgala- Naannoo Gommaa Quxxabaatti Galgalaa'aa adeemnaan bitaa nutti gale. Janaraal Qumilaachoon na waamanii ''gara ministeera ittisaa yaa deemnu'' naan jedhan. Walitti dhufeenyi keenya adda citulleen kan dhufneef hoggantoota fonqolcha mootummaa raawwatan Ministeera Ittisaa keessa jiraniif dahoo kennuuf waan ta'eef gara sanatti qajeelle. Waraana kumalaa tokko qabannee, Xoor-haayiloochiin dabarree karaa hospitaala Baalchaatiin oliin gama buufata poolisii shanaffaatiin goonee, eegumsa fayyaa geenye. Waraanaa kumalaa tokko qabanneera. Achuma Gommaa Quxxabaa bira isaan keenyee basaasuuf gara Ministira Ittisaatti siqne. Akkuman sitti hime galgalaa'eera. Siriiyyuu halkan wallakkaa darbeera...ta'us addeessi iftee baateti. Kan si dhibu halkan sana waan hunda argu dandeessa. Akkuma aduutti ifaa turte yoon siin jedhe soba hin ta'u. Yoon gara Tiyaatira Biyyaalessaatti siqu, hoteela Itoophiyaatiin gadi ibsaan tiraafikaa jira miti? kan gara Filuhaa dhaqu sana... taankiin tokko konkolaataa jiippii tokkoon hordofamaa gara kiyyaa yoo dhufuun arge. Anis jiippii matarayeesii baattu tokkorran ture. Konkolaachisaan dafiitii gara mirgaa duubatti deebi'in jedheen. Irra deebiin karaa gubbaan naannoofnee ilaaluuf jennaan ammoo taankiin biraa fuulasaa gara keenyaatti garagalfachuun nu rukutuuf jedhe. Achiin deebinee gara Gommaa Quxxabaatti galle. Nuti hanga sa'aatii kanaatti Ministira Ittisaa keessatti maaltu gaggeeffamaa akka jiru hin beeknu. Yaaliin fonqolchichaa fashalaa'usaa hin dhageenye. Janaraal Mari'id fa'i lubbuun kan jiran nutti fakkaate. Nuti kan beeknu Mangistuun ajjeefamuu isaa qofa ture. BBC: Meeshaa hidhattanii turtanii? Koloneel Kaasaayee:Waraanni anii fi Qumillaachoon qabannee dhufne amoorkaa afa-muuzii afur qaban lama qabateera. Isas yoo ta'e kan halkanuma sana birgeedii eegumsa addaa irraa bojineedha. BBC: Dhiifama garuu koloneel Amoorkaan maaliidha? Koloneel Kaasaayee: Amoorkaan meeshaa abbaa 'afa-muuzii' lamaa Koriyaa kan shilkaa fakkaatu qabuufi kan rasaasa Zu -23 kan fudhatu meshaa cimaadha. Isaanis birgeedii eegumsa addaa irraa kan dhufan lamatu ture. Gara mooraa waraana lafoo wayita galan boojinee konkolaachisaa ramanneefi gara lafa boqonnaatti geessine. Dhukaastota humna qilleensaatii itti dabalachuun gara naannawa Gommaa Quxxabaa adeemne. Isaan boodas janaraal Qumillaachoo waliin gara Buufata poolisii Amistanyaa adeemuun bilbila argannee bilbiluu eegalle. Ministeera Ittisaatii namni bilbila kaasu hin jiru. Meeshaa 'RPG' of harkaa hin qabnu, taankicha maaliin haa rukunnu... boodarra deebiifne rukunna jechuun halkan sana Gommaa Quxxabaadhaa gara Waraana Lafootti deebine. Achi akkuma geenyeenis janaraal Qumillaachoon dhufe naan jedhee deeme. Isaan boodas wal agarree hin beeknu. Finfinnee Naannoo Baankii Biyyaaleessaa bara 1960 keessa «Jaal Mangistuu Haayilamaariyaam imimmaan qabe» Kan hidhamne masaraatti ture. Achi galma guddaatu jira. Isa keessas lafa xajjiin itti tolfamutu jira. Warri fonqolcha nu waliin yaalan Asmaraa dhufanis haala sukkaneessaan hidhamanii yoo iyyan nan yaadadha. Gara 112 taana turre. Osoo hidhamne jirruu jaal Mangistuun al lama nu daawwataniiru. Guyyaa jalqabaa kan dhufan gaafa addababbayii Abiyootitti haasaa taasisan ture. Caamsaa 10 ykn 11 ta'a amma sirriitti hin yaadadhu. Addababbayii Abiyootii kallattiin gara keenya dhufan. Wayita sana ammoo nuti poolisoonni nuuf ramadamanii jecha kennaa turre. Guyyaa sanas dhufanii nu ilaalanii callisanii deebi'an. Isaan booda Waxabajjii 11 bara 1981 deebi'anii dhufan. Wayita sanattis qondaalota gara 118 ni taana galma sana keessatti hidhamne kan turre. Galmichi karra tokkittii qofa qaba. Ifaa homaatuu hin qabu. Wanti mul'atu homtu hin jiru. Garuu galgalaafi ganama sa'aatii tokkoof aduu ni qaammanna ture. Waxabajjii 11 wayita yeroo lammaffaaf dhufan nutis aduu qaammachaa turre. Walitti qabamaa nuun jedhan. Wallakkan gaabii uffateera. Wallakkaan mataatti marateera. Waan guyyaa sanaa yaadadhu sitti haa himu...? Mangistuun asiifi achi jechuun nu ilaalan. Isaan boodas gara janaraal Abdullaahiitti naanna'uun ''Abdullaahii!'' jedhaniin. Bulchiinsa Ministira Ittisaa kan turan janaraal Abdullaahiinis ''Abeet Gooftaa'' jedhan. ''Ati waraana eegumsa naannoo Finfinneetiif baatii 6'f mindaan akka hin kanfalamneef beektaa mitii?'' jedhaniin. ''Eeyyeen beeka gooftaa koo'' jechuun deebiiseef. ‹‹Kunis shira anarratti raawwatee miti? mitiiree..!'' Isaan boda achi yoo garagalan ammoo Salamoon Bagaashaa argan. Salamoon Bagaashaa 'shuumii itaamaazhoorii' humna qilleensaa turan. ''Salamoon! Isiin yoo hilikoptaraan shirrishirrii deemtan ani miilaanan fanjii keessa deemaa ture. kana beektaa...?'' jedhaniin. Yeroo kanattis janaraal Salamoon gaaffii gaafachuu ykn deebii deebiisuuf harka baasan. Garuu osoo hin dubbattiin dura Mangistuu imimmaan ijasaanii guute. Fuuldura isaaniin ture. Imiimaan kan hudheefis aaree natti fakkaata. Imimmaan akka hudhe itti dhagahamnaan ofirra garagaluun bahee deeme. Osoo boo'uu nu fulduratti mul'achu hin barbaanne ta'a. Isaan booda Jaal Mangistuu argine hin beeknu. Mangistuu Haayilamaariyaan yaa'ii dhaabbata Tokkummaa Afriikaa irratti, Sadaasa 21 bara 1980 Hidhamtoonni du'a eeggataa turan maal jedhan? Kan na waliin hidhaman hundinu warra fonqolchicha yaalaniidha. Isaanis janaraalotaa hanga milishaa turan. Ani siriiyyuu kanneen koloneeliin gadiitiif 'kaabboo' ykn ajajaan ture. Dargiin kufe jennaan ililchuun lafa dhungattee jirta jedhamuun milishaan hidhame nu waliin ture. Janaraal Hayiluu Gabramikaa'eel ajajaa waraana lafoo, Meejar janaraal Itti aanaa Alamaayyoo Dastaa, Meejar janaraal Warquu Zawudee ajajaa Poolisii fi kanneen biroo ajjeechaa sukkanneessaa Asmaraa sanarraa hafan hundi nu waliin jiru. Janaraal Fantaa Balaay garuu guyyaa sadaffaa dhufanii battalumatti gara Maakalaawiitti dabarfaman jedhame. Galma sana keessa gaabbiitu ture. Fakkeenyaaf Salamoon Bagaashaa fi Tasfaayeen ni gaabbu turan. Birgaadar janaraal Tasfaayee Dastaa qondaala duula humna qilleensaa ture. Birgaadar janaraal Salamoon Bagaashaa ammoo Ajajaa itti aanaa humna qilleensaa turan. Nan dhagaa'a ture galgalaafi ganama ''namtichi kun nu hin dhiisu... maal jedhee naan jedhaa nu ajjeessa'' naan jedhu turan. Inni soodaatanis hin ollee. Qabxii lamaanu ittiin gaabban maal sitti fakkaate? Yeroo sana koloneel Mangistuun osoo gara Jarman adeemanu xiyyarri isaanii Galaana Diimaa irratti akka rukutamu jedhamee ture karoorri kan qabame. Kanaafu kun ta'uu hafuusaatiif gaabbu. BBC: Kolaneel amma umurii keessan waggaa 74 kanaan yoo yaaddan fonqolchiichi osoo milkaa'eera ta'ee jettanii ni gaabbituu? Koloneel Kaasaayee:Ani akkas hin yaadu. Sababiinsaas haala jiru yoon ilaalu Mangistuunis balleesseera jedhe kanan itti murteessu hin qabu. Homaa hin goone. Itoophiyaaf waan gaarii hojjate. Wayita mana hidhaa turre, isaan fuuldurattis mormaan ture. Deeggaraa Dargiin tures. Mangistuun maal godhe? Biyyattiin waraana irra taatuus, waraanni baay'atus, innis tokkummaa Itoophiyaa qabatee ture kan ka'e. Kan qabsaa'es biyyi akka hin cinneef ture. Kan sanaaf nu saaxiles balleessaa nuti qondaalonni raawwannedha. Baay'eenis adda waraanaatti mo'atamu kan danda'e dogongoruma hoggansaatiin ture. Ragaan bahaa ture. Rakkinni nu bira malee Mangistuu bira hin turre. Hiriira Ebla 23 bara 1969'tti Addababbayii Masqalaatti taasifameen loltoonni Impeeriyaalizimii yoo balaaleeffatan Waa'ee afaan du'aa keessa hafuu Mana hidhaa taanee waan Asmaraatti janaraal Damisee Bultoo fi warra kaanirra gahee yoo dhageenyu baay'ee gaddine. Qondaalota hidhamuun nu bira dhufanitu nutti hime. Haala sanaan du'un isaanii sirri hin turre. Adabamuu kan qaban seeraan ture. Hundi keenyayyuu garee gareen hiramnee mana murtii loltootaa Masaraa keessatti hundeeffameerratti dhiyaataa turre. Isaan Waxabajjii 12 bara 1982 murteef beellamamanii turan. Waan Birgaader Janaraal Tasfaayee Dastaa itti gaafatamaan duula humna qilleensaa Waxabajjii 11 dubbatan nan yaadadha. ''Har'i guyyaa dhumaa keenya. Maal jedhe jedhaa deebiine hin dhufnu'' jechaa ture. Nagaa walitti dhaamuun ture adda kan baane. Isaan nu ajjeesu waan ta'eef hin deebinu jechuun nagaa dhaamanii bahan. Caamsaa 11 jechuudha. Isaanis gara dhaddachaa deeman. Tarii ni deebi'uu laata jennee eegnus hin deebi'iin hafan. Taa'anii du'a eeggachuun maal fakkaata? Isaan ajjeefamanii waggaatti Caamsaa 23 murteedhaaf beellamamne. Nu duras Caamsaa 15 bara 1983 jaalleewwan murteedhaaf Mana murtee olaanaatti dhiyaatani turan. Isaanis osoo hin deebi'iin hafusaanitiin nutis waanuma wal fakkaatutu nu mudata jennee eeggachaa turre. Dhugaattis irraa hafna jennee hin yaadne ture. Murtee du'aatu nurratti murtaa'a jennee eeggataa turre. Jidduun garuu Caamsaa 13 Mangistuun biyyaa bahaniiru jedhamee akka carraa hafne. Kunoo lubbuun jirra...! Gaaffii dhumaa Koloneel Kaasaayee Taaddasaatiif BBC: Janaraal Mar'id Nugusee attamiin akka of ajjeesan beektuu? Koloneel Kaasaayee: Hin beeku. BBC: Janaraal Ammahaa Dastaa attamiin akka of ajjeesan beektuu? Koloneel Kaasaayee: Hin beeku. BBC፡- Janaraal Abarraa Abbaba lubbuun qabuun osoo danda'amuu maaliif waan ajjeefaman isinitti fakkaata? Koloneel Kaasaayee:Ani janaraal Abarraa hangan beekutti nama harka kennatan miti. Walitti dhukaasuun du'u malee.
oduu-50217750
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50217750
Dursaan garee IS Abu Bakar al - Bagdaadii akkamiin ajjeefame?
Dursaan garee warra IS kan turan Abu Bakar al -Bagdaadii humni addaa Ameerikaa isa marsuu isaarraan kan ka'een boombii hidhatee ture ofirratti dhoosuudhaan akka lubbuun isaa darbe Pirezedaantiin Ameerikaa doonaald Tiraamp beeksiseera. Ofii bakka Abu Bakar al - Bagdaadiin jiru akkamiin baramee?
Sabaa himaaleen Ameerikaa madda odeeffannoo osoo hin eeriiin akka gabaasanitti, mooraa Abu Bakar al - Bagdaadiin keessa dhokatan Sooriyaa keessatti argama. Bakki kunis daangaa Kibba Turkii irraa ammoo kiiloomeetira shan fagaatee kutaa bulchiinsa Idiiliib keessatti ganda argamtu Baariishaa jedhamtudha. Bakka manni al - Bagdaadiin keessatti argaman kun baatii muraasa dura odeeffannoo namoonni walitti fufinsaan kennaniin hordofamee akka ta'es gabaafameera. Barruleen Niwuuswiik jedhamu aanga'aa Ameerikaa tokko eeruun akka gabaaseetti haadhotii warraa al - Bagdaadii keessaa tokkoofi hojjettuun manaa isaa tokko Ganna darbe to'annoo jala oolfamanii turan. Waashingiteen Post ammoo namni IS irraa ar'iameefi warra Kurdootaatiif madda odeeffannoo murteessaa kan ta'e tokko odeeffannoo kana akka kennee gabaaseera. Ameerikaa waliin michooma kan qabuufi Ajajaan Humnoota Dimokiraasii Sooriyaa Kurdootaam durfamuu Maaziloom Abdii ammoo ji'oota hedduudhaaf odeeffannoo kana walitti qabataa akka tureefi, "ergama guddaa kana" keessatti warra hirmaatan hundaaf ergaa tiwiiteraatiin dhiyeessuu isaanii ibsaniiru. Idiliib naannoo leellistoonni warra IS waliin warra walmorkatan to'atan ta'ee osoo jiruu Dursaan garee IS Abu Bakar al - Bagdaadii achi keessa dhokachuun namoota hedduu kan ajaa'ibedha. Loltoonni IS dhibbaan lakkaa'aman biroon bakka sana keessa socho'aa jiru. Kamisa darbe Pirezedaant Tiraamp haleellaa Abu Bakar al - Bagdaadiirratti raawwatamuuf hayyama erga kennaniin booda aanga'oota Waayita Hausii waliin kutaa 'Sichuweeshiin Ruum' jedhamu keessatti argamanii turan. Abu Bakar al - Bagdaadii akkamiin ajjeefaman? Turkii, Iraaq, humnoota warra Kurdootaafi naannoo qillensaa Idiliibii kan to'ataa jirtu Raashiyaa dabalatee michoonni Ameerikaa naannoo sanatti argaman waa'ee dhimma kanaa dursanii akka quba qabaatan godhamee ture. Garee loltootaa kamiitu akka haleellaa kana raawwate ifa godhamuu baatus, aanga'oonni Ameerikaa sabaa himaaleetiif odeeffannoo akka kennanitti, humna addaa 'Deltaa Foors' jedhamu akka ergama kanarratti hirmaate ibseera. Gareen kunis muuxannoo bal'aa akka qabus dubbatameera. Loltoonni 100 hin caalle ergama kana keessattis qooda fudhachuun akka hin oolles ibsameera. Xiyaaronni waraanaa hedduun akka hojiirra oolan yoo ta'u helekoopteroonni saddet loltoota gara bakka sanaa geesuudhaafis tajaajilaniiru. Iraaqirraa ka'anii bakka sana ga'uudhaafis helekoopteraa saatii tokkoofi daqiiqaa kudhan fudhateera jedhameera. Yeroo loltoonni sun bakka sana ga'anitti, loltoota Abu Bakar al - Bagdaadiidha warri jedhaman battalumaan rasaasaa xaaxessuun naannoo sana miila tokkoon yeroo dhaaban kan loltoonni Ameerikaa itti deeman sunis deebii kennaniiru. Namni ganda Baarishaa keessa jiraatu tokko akka ibsetti, helekoopteroonni kunneen manneen naannoo sana turan lama irratti misaayela dhukkaasuun barbadeesseera. Loltoonne erga helekooptera irraa bu'anii Abu Bakar al - Bagdaadiin akka harka isaa kennatuuf ajaja dabarsanii turan. Haata'u malee, mana sana keessaa kan ba'an namoota lamaafi ijoollee 11 turan. Abu Bakar al - Bagdaadiin karaa holqa duraan qotamee qophaa'ee tokkoo miliquudhaaf yaalee ture. Itti aansuudhaan loltoonni kunneen holqawwan kana keessa boombiin duraan kiyyeeffameeru jiraachuu mala jechuudhaan boollawwaniifi holqawwan jiran boombiidhaan dhodhoosaniiru. Loltoota kana jalaa miliquurra kan ture Abu Bakar al - Bagdaadiin boombiin inni qaama isaarratti hidhatee ture dho'uu isaarraa kan ka'e ofii isaa dabalatee ijoollee qabatee ture sadii waliin balleesseera. Loltoonni kunneen sakkatta'insa taasisaniin dabalataan ijoollee kudhanii ol ta'an bakka sanaa baasaniiru. Tiraamp ammoo daa'imman kunneen gara warra isaan kunuunsuu naannoo sanatti argamuutti geeffamaniiru jedheera. Akka suuraawwan bakka haleellaan kun itti raawwaterraa bahan agarsiisanitti, gamoowwan diigamaniiru, konkolaataawwan gubatan bakka gara garaatti ni argamu, qaawwa rasaasni uuma girgiddaawwaniifi keenyan irrattis baayyinaan ni mul'atu. Haadholii warraa al - Baagdaadii Haadha warraa al- Baagdaadiiti kan jedhaman dubartoonni lama ajjeefamaniiru. Qaama isaanii irratti fanjii dhuka'utu jira ta'a jedhamee waan tilmaamameefi fashalsuuf yaaluun balaa qaba jedhamee waan yaadamef loltoonni reeffa isaanii dhiisanii deemaniiru. Waayit Haawus akka beeksisetti loltoonni IS shan dallaa keessatti kan ajjeefaman yoo ta'u kaanis dallaan ala ajjeefamaniiru. Loltoonni Ameerikaa lamas miidhaan kan irra gahe yoo ta'u miidhaan kuni salphaa waan ta'ef gara ergama isaaniitti deebi'aniiru jedhameera. Holqa al- Baagdaadiin keessatti miliquu barbaade keessatti sareen tokko faana waan bu'ef miidhaan cimaa irra gahus ergama erga fixan booda loltoota waliin deebi'uun isaa ibsameera. Ameerikaan al- Baagdaadiin ajjeefamu isaa akkamin mirkaneeffate Gaafa Sambataa al-Baagdaadiin miliquuf yeroo yaalu loltoonni Ameerikaa ijaan akka isa arganiifi du'uu isaa mirkaneessuu isaanii ragaaleen Ameerikaa irraa dhagahaman ni mirkaneessu. Komaandarri ergama kana hogganaa turan ergamni kuni milkaa'uu isaa ibsuuf kooddii 'jaakpoot' dhageessisaniiru jedhameera. Pirezidant Tiraamp akka ibsanitti qacceen sanyii reeffa al-Baagdaadii irraa fudhatame isa ta'u mirkanesseera jedhameera. Qorannoon kan taasifame ekispartoota loltoota waliin deemaniin yoo ta'u yeroo achi dhaqanis qaccee sanyii kan al - Baagdaadii of biraa qaban waliin walbira qabuun isa ta'u mirkaneessaniiru. Dabalataanis, reeffi al - Baagdaadii kan miidhamarraa hafe helikoftaraan akka fudhatamu ta'eera. Gorsaan nageenyaa Ameerikaa Roobart Abiraayen akka jedhanitti reeffa al - Baagdaadii hafe garbatti naqu. Hogganaan Al - Qaayidaa bara 2011 erga ajjeefamee booda reeffi gara gabra keessatti gatamee ture. Qe'ee al - Baagdaadiin ajjeefame Qe'een al - Baagdaadiin itti ajjeefame Baarishaa jedhama. Daangaa Sooriyaafi Iraaq irraa 100km fagaatee kan argamu yoo ta'u bakkicha maaliif akka filate tilmaamuun salphaadha jedhaniiru Pirezidant Tiraamp. ''Al- Baagdaadiin gara Idliib kan deeme humnoonni waraanaa Kuurd Baha Sooriyaa ganda Baaguz jedhamu garee IS jalaa waan baasanif bakkasitti loltoota IS qindeessuuf ture. Pirezidantichi dabalanis bakka rakkoon kuni dhalatetti wantoota fuulduratti yaade hedduu argachuu isaanii ibsaniiru. ''Eenyuyyuu haa ta'u gara aangootti yoo yaade isa hin dhiifnuun. Eenyu isa bakka bu'u akka danda'us ni beekna. Sirriitti isaan hordofaa jirra.'' te?
oduu-53078848
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53078848
Hidha Haaromsaa: 'Masiriin Hidhi Abbayyaa waan miidhuuf osoo hin taane ol-aantummaa siyaasaaf mormiti'
Itoophiyaafi Masiriin haala amma jiruun dhimma hidha guddicha Abbayyaa irratti waliigaluun baay'ee ulfaataa tahuu danda'a jedhan Yuunvarsiitii Finfinnee kolleejjii Saayinsii Hawwaasaatti Dhaabbata qorannoo Afrikaa keessa kan hojjatan pirofeesar Tesfaayee Taaffasaa.
Hidha Guddicha Abbayyaa Itoophiyaa Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan itti fayyadama bishaan laga Abbayyaa fi dhimma hidha Haaromsaa guddichaa irratti erga marii jalqabanii waggootni torbaa ol darbaniiru. Itoophiyaan hidhi guddichi lammiilee Itoophiyaan hojjetamaa jiru kun Masirii irratti miidhaa fidu hin qabu jetti. Masiriin garuu tasumaa yaadichatti walii hin galtu. Itoophiyaan gama isheen akkaataa seeraa idila adunyaa bishaan daangaa ce'ee deemu ilaalchisee jiruun karaa sirrii taheen qabeenya uumamaa koo waan taheef akka biyya tokkootti mirga guutuun qaba jechuun mormiti. Biyyootni sadeen hidhi kun miidhaa qabaachuu danda'u irratti irra deddeebiin qorannoon akka gaggeeffamu taasisaniiru. Haa tahu malee marii dhiyeenya gaggeessaa jiran irratti bu'aan qorannichaa akka waliigalaniif dhiibbaa yeroo taasisu himamaa hin jiru. Yuunivarsiitii Finfinnee irraa pirofeserTesfaayee Taaffasaa ejjennoon Masiriin qabattee deemaa jirtu baay'ee cimaa waan taheef biyyotni kunneen marii kana irratti waliigaluu dhiisuu danda'u jedhan. Masiriin laga Abbayyaa waliin hidhata seenaa fi uumamaa qabna; hanga ammaattis nutu itti fayyadamaa ture waan taheef nageenyi fi faayidaan keenya yoo nuuf hin mirkanoofne fayyadamuu hin dandeessan kan jedhu ejjennoo isaanii isa cimaadha jedhu Pirofeser Tasfaayeen. Kun ammoo Itoophiyaafis waan hin liqimfamneef fudhatama hin qabu jedhu. 'Yeroo hidhichi guutamu irratti Itoophiyaan ejjennoo ishee jijjiiruu hin qabdu' Itoophiyan hidha Abbayyaa waggoota shan keessatti guuttee xumuruu barbaaddi. Haa tahu malee kun marii jalqabaa irraa eegalee hanga ammaatti Masiriif hin fudhatamne. Itoophiyaan karoora baaste kana dhiistee yaada Masirii fudhannaan dhaloota itti aanullee gatii kaffalchiisuu kan danda'udha jedhu Pirofeser Tasfayeen. Ejennoon Masirii hidhi kun suuta suuta waggoota 11- 21 gidduutti guutamuu qaba kan jedhuufi yeroo gogiinsi uumamu ammoo bishaanuma kuufamee jiru irraallee Itoophiyaan akka gadi dhiistu kan jedhudha. Pirofeser Tasfaayeen kun birmadummaa Itoophiyaan akka biyyaatti qabdu akka tuquuti dha jedhu. Goginsa yeroo gabaabaas tahe yeroo dheeraa waan uumamaan mudachuu danda'udha malee waan Itoophiyaan Masiriitti fiddu miti jedhanii, kanaaf dhimma Itoophiyaan rakkina isaanii baattuufiif hin qabdu jedhan. Ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa marii Kaartuumitti taasifame irratti Masiriin hidha guddaa bishaan meetir kuubii biiliyoona 170 qabatu Aswaan qabdi. Hidhi guddicha Itoophiyaa garuu bishaan meetir kuubii biliyoona 74 qabata. Kanaaf yaaddoo goginsaa kan qaban yoo tahe yeroo Itoophiyaan waggoota shan keessatti hidhicha guuttu hanqina bishaanii xiqqoo uumamuu danda'u sana hidha isaanii irraa gadhiisanii fayyadamuu danda'u jedhan. Pirofeser Tasfaayeen hidhi kun erga bishaaniin guutamee yaa'i bishaanii akkuma duraanii tarbaayinii rukutee waan darbuuf Masiriif yaaddoo uumu hin qabu jedhu. Dabalataan hidhichi kan guutamu yeroo waqtii gannaa roobni gahaan jiru waan taheef Masiriif waan yaaddoo uumu miti jedhan. Itoophiyaan maatii hiyyeessaa irraa osoo hin hafiin humna qabduun hidha kana hojjettee bu'aa isaa arguuf waggoota hamma kana eeguu hin qabdu jedhan. Nageenya Hidhichaa.... Hidhi Guddicha Itoophiyaa baajataanis tahu humna namaan lammiilee Itoophiyaan hojjetama jedhamee eegalame. Ogeesonni ijaarsa isaa irrattis hirmaatan lammiilee Itoophiyaa qofa waan turaniif bifa tuffiin ilaalaa turan. Beekumsiifi muuxannoon Mahaandisoota Itoophiyaa gadi bu'aa waan taheef nageenyi hidhichaa nu yaaddessa jedhanii akka sababaatti Masiriin akka kaastus himu. Haa tahu malee hidhichi qulqullina guddaan hojjetamaa jiraachuu isaa osoo beekanii falmiif itti fayyadamu jedhan. Ogeesonni idil-adunyaa haala ijaarsa isaa kanaan dura ilaalanii qulqullina isaa dinqisiifataniiru. Dabalataan ministeerri bishaanii Sudaan hidhi haaromsaa Itoophiyaa hidha Sudaan keessa jiruufi Aswaan kan Masirii keessaa jiru caalaa qulqullina qaba jedhanii ragaa bahuu isaanii piroofeser Tasfaayen dubbatu. Masirin garuu hidhichi ijaaramee osoo hin xumuramiinis bishaaniin guutuun jalqabuu hin qabu jedhu. Sobaan yaaddoo guddaadha jechuun lammiilee Sudaanis yaaddessuun akka mootummaan Sudaan isaan cina dhaabbatu gochaa jiru jedhu. Hidhi Abbayyaa kun rakkoo xiqqaa godhatee osoo bishaan gadhiifame ykn hidhichi cabe jalqaba balaa kanaan kan rukutamtu Sudaan waan taheef akka yaaddootti kaasanii falmiif itti fayyadamu jedhan. Hidhi haaromsaa amma ijaarsi isaa 70% ol irra gahe qulqullina gaariin hojjetamaa jiraachuu isaa hojii gaggeessaan hidhichaa injiiner Kiflee Horroo yeroo garaagaraatti ibsaa turaniiru. Masiriin ol-aantummaa siyaasaaf mormaa jirti Pirofeser Tasfaayeen qondaalonni Masirii uummata isaaniis osoo hin sobin hin hafne jedhan. Lammiileen Masirii akka qabeenya guddatti waan ilaalaniif akka callisanii hin ilaalle uummata isaaniif waadaa galanii booda bakka galan waan dhaban fakkatu jedhu. Dabalataan hidha kana callisanii ilaaluun akka waan mo'amaniitti fudhachuu danda'u. Masiriin Biyyoota Afrikaa keessaa humna guddaa akka qabdutti ilaalamaa turte. Ol aantummaa siyaasaa waggoota dheeraaf qaban irraa ka'uun Itoophiyaa tuffataa turaniiru. Hidhi haaromsaa amma ijaarsi isaa 70% ol xumuramee jira Amma garuu haalli waan jijjiramaa dhufeef ol aantummaa siyaasaa qaban ture sana tursiifachuu barbaadu waan taheef callisuu hin barbaanne jedhu Pirofesr Tasfaayee Taaffasaa. ''Ulfina keenyatti bu'ame jedhanii yaadu. Sodaatamuu qabna ture, '' yaada jedhu yeroo baay'ee qabu jedhan. Dhimmi hidha Abbayyaa kun siyaasa Baha Afrikaa keessaa jijjiiruu danda'a jedhu. Itoophiyaan hidha kana yoo xumurtu kallattii hundaan biyya dhaggeettii gudddaa kana caalaa qabdu tahuu malti. Dabalataanis lageen kaan irratti hidha gara biraafi jallisii hojjechuu dandeessi jechuun sodaa qabu jedhan. Masiriin yoo hidha kana callisnee ilaalle biyyootni akka Keeniyaa, Ruwaandaa, Ugaandaa fi kaanis akkasuma ka'anii bishaan kanatti fayyadamuu qabna jedhanii ka'uu waan danda'aniif ammuma cimsinee morminee waa argachuu qabna jedhanii hojjechaa jiru jedheen akka ogeessa tokkootti yaada jedhan Pirofeser Tasfaaayeen. Jaarsummaa fi Taajjabdoota Baankiin Adunyaafi Ameerikaan marii biyyoota sadeenii gidduu galuun walitti fiduuf yaalaa turaniiru. Haa tahu malee Ameerikaan wixineen dhiyeessite fedha Itoophiyaa waan miidhu ture jedhamuun waliigaltee malee mariin Waashingitanitti taasifamaa ture xumurame. Guraandhala 27-28 bulchiinsi Doonaaldi Tiraampi yeroo 5ffaaf marii ministeerota biyyoota sadeenii waaman irratti Itoophiyaan osoo hin hirmaatiin hafte. Masirii fi Sudaan maricha irratti hirmaataniiru. Wixinee Ameerikaan yeroo sana qopheessitee akka Itoophiyaan mallatteessitu gaafatte qabxiilee gurguddoo sadii of keessaa qaba jedha gabaasni Aljaazeera yero sana bahe. Waliigaltee xumuraa malee hidhichi guutamuu akka hin qabne, kan 2ffaa erga mariin xumuraa gaggeeffamee waliigaltee Ameerikaan Baankii Adunyaa waliin tahuun qopheessite mallatteessuu fi kan xumuraa tarkaanfiiwwan nageenya hidhichaaf gargaaran hundaa akkaataa seera idila adunyaan raawwachuu qabdi kan jedhudha. Itopphiyaan garuu ijaarsa isaan cinatti bishaan guutuu akka jalqabdu ibsiteetti. Kunis ji'a Hagayya Fuuldura keenya jiru keessatti akka jalqabdu ibsitee lafa kanaaf tahus qulqulleessuu jalqabaa jirti. Masrii amma biyyootni sadeen gaggeessaa turan kan taajjaban ammoo Gamtaa Awurooppaa fi Afrikaa Kibbaati. Pirofeser Tasfaayeen Gamtaan Afrikaa dhiimma kana giduu galuun osoo mariisiseera tahee gaarii taha jedheen amana jedhu. Taajjabdootas tahe qaamonni hirmaatan kaan Afrikaa irraa tahuu qabu yaada jedhu qabu. Ameerikaan kan gidduu galtuuf dhimmichi bu'aa siyaasaa waan isheef qabuufidha jedhu. Ameerikaan siyaasa naannoo baha gidduugaleessaa kan to'achuu dandeessu karaa Masiriiti. Dabalataan Doonaaldi Tiraampi Israa'el ilaalchisee ejjennoo qaban karaa Masirii raawwachuu barbaadu. Kanaas fedha Masirii eeganii gammachiisuuf waan hojjetaniif fedha Itoophiyaan qabdu irratti dhiibbaa taasisuu barbaadu jedhu pirofeser Tasfayeen. Biyyootni sadeen tibbanas mariitti kan turan yoo tahu Masiriin bishaanicha qofaatti fayyadamuu waan barbaadduuf waliigalteerra gahamaa akka hin jirre ibsameera. Itopphiyaan marii kana keessaa Masiriin kan baatu yoo tahe isheenis deebitee akka marichatti hin galle ibsiteetti. Biyyootni sadeen waliigaltee irra gahuu dhabuun yaaddoo dippilomaasii Baha Afrikaa keessatti uumuu danda'as jedhu hayyootni siyaasaa.
oduu-56665740
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56665740
Mootota dubraa 'TikTok' Itoophiyaafi carraa miidiyaan hawaasaa kun uume
Haayaat uffata abbaa ishee fi haadha ishee uffachuun kuuliidhaan areeda hojjetattee viidiyoon hojjette namoota hedduudhaan jaalatameera. Namoota miliyoonotaanis ilaalameera. Yeetinnaayeetis akkasuma meeshaalee fi uffata mana keessa jiruun viidiyoo qalbii namoota hedduu hawwate hojjechuun beekamti.
Shamarree taatoo dhiiraafi dubartii hojjachuun dandeettii ishee hubatte TikTok irratti hordoftoota kuma dhibbaan lakkaa'aman kan qaban Haayaat Naasir fi Yeetinaaayet Taayyee wantoota bashannansiisoo fi salphaa tahan irratti xiyyeeffachuun hojjetu. Yeetinnaayeet barana yuunivarsiitii Finfinnee irraa 'Contsruction Manegement'n eebbifamuun amma 'interior design' barachuu eegalteetti. Haayaat ammoo yuunivarsiitii Hawaasaatti barattuu saayinsii Kompiyuuteraa waggaa 3ffaati. Shuubbisa, sirboota viidiyoo garaagaraa irraa fudhataman fayyadamuun dhimmoota garaagaraa irratti miira namootni agarsiisuu dandahan irratti viidiyoo hedduu hojjetteetti. 'Influencer Making Hub' marsariitiin jedhamu hojiiwwan TikTok irratti jaalataman jedhe keessatti kan Haayaat fa'a hojjetanis dabaluun viidiyoowwan 21 tarreesseera. Hojiilee ogummaa meeshaalee adda addaa irraa hojjetaman, akkaataa kuduraaf fuduraa itti mummuran, yaalii saayinsii garaagaraa, barnoota dabalataa kanneen barsiisan iratti sochiiwwan nama kofalsiisanii fi jiruu guyya guyyaa kanneen agarsiisan TikTok irratti jaalatamummaa kanneen argatan tahuus ibseera. 'Biizines oof aapp' marsariitiin jedhamu ammoo qabiyyeewwan baacoo fi bashannansiisoo tahan qabaachuun miidiyaalee hawwaasaa kaan caalaa TikTok akka jaalatamu ibse. Muuxannoo fayyadamtootni viidiyoolee nama bashannansiisan Feesbuukii irratti qooduu qaban %36 yoo tahu Inistaagiraamii irratti % 42, TikTok irratti ammoo %48 taha. Chaayinaan kan dhuunfatamu TikTok guutuu addunyaarratti fayyadamtoota biliyoona tokko qaba Carraa koroonaavaayirasiin uume TikTok iirratti kan baay'atu qabiyyee bashannanaati kan jettu Yeetinnayeet ''yeroo dhiyoo as qabiyyeen siyaasaas akka jiru. Garuu baay'ee xiyyeeffannoo hin argatan'' jette. Erga weerarri koroonaavaayirasii Itoophiyaatti mudateen as beekamtii guddaa kan argate TikTok tahuu hin hafne. Yaada kana Yeetinaayetis itti waliigalti. Weerara koroonaavaayirasiin dura Yeetinnaayet hordoftoota naannoo 2000 qofa akka qabdu himti. Erga weerarichaan as garuu lakkoofsi hordoftootni ishee 200,000 darbeera. Haayat ammoo weerara koroonaan dura ji'a tokko ture TikTok fayyadamuu kan jalqabde. Wayita ammaa hordoftoota 320,000tti siqan horachuu dandeesseetti. 'TikTok irratti siyaasni baay'ee xiyyeeffannoo hin argatu' Ogeessi komunikeeshinii Obbo Natsaannet Tasfaayee, sababa weerara vaayirasichaan namootni baay'een mana ooluuf dirqamuu isaanii fi barnoonnis karaa interneetii akka kennamu taasifamuun isaa lakkoofsi namoota interneetii fayyadamanii akka dabalu godheera jedhan. Kunis TikTok dabalatee lakkoofsa namoota Itoophiyaatti miidiyaalee hawwaasaa fayyadamanii akka dabalu taasiseera jedhu. Erga manni barnootaa banamee namootni gara sochii idileetti deebi'anii as lakkoofsi namoota daawwatanii xiqqaachaa dhufuu himan. Adunyaama kaan keessattuu koroonaan TikTok'f ''carraa gaarii'' fidee waan dhufe fakkaata jedhu. Carraa galii TikTok fide Haayaatis taate Yeetinnaayeet TikTok kennaa qaban akka baasanii itti fayyadamaniif waltajjii gaarii akka taheef himan. ''Dandeettiin qabu akkan baruufi namoota hedduu waliin akka wal baru kan na godhe TikTok'' kan jettu Yeetinnaayet ''carraa hojii gaarii naaf baneeras'' jette. Oomishaa fi tajaajila dhaabbileen garaagaraa qaban beeksisaa jirti. ''Keessumaa dhaabbilee dargaggoota bira gahuu barbaadan waliin hojjechaan jira. Galiin argadhu guddaa jedhamuu baatus akkan of danda'u na godheera,'' jette. Haayat ammoo oomishaa dhaabbilee garaagaraa beeksisuun garasitti TikTok fiilmii tokko irratti akka hirmaattuuf carraa baneeraaf. Fiilmii biraa irrattis taatoo taate akka hojjettuufi beeksisa Televizhinii akka hojjettu waamichi akka taasifameef dubbatte. Kunis indaastirii fiilmii keessa galuuf abjuu ijoollummaan qabdu dhugoomseeraaf. ''Ani hijaaban uffadha. Isa uffadhee fiilmii hojjedha jedhee yaadee hin beeku. TikTok osoo hin dhufne tahe eenyutu argee na hojjechiisa ture'' jette Haayaat. Kana irra darbees fayyadamtootni TikTok kan addunyaa biraa akka ilaalaniif qofa osoo hin taane aadaa keenya, uffata aadaa, fi taa'umsa lafaa bareedaa qabnu akka beeksifnuuf gargaareera jedhan ogeessi komunikeeshinii Obbo Natsannet. Shamarree taatoo dhiiraafi dubartii hojjachuun dandeettii ishee hubatte Dargaggootaa fi Tiik Took Adunyaa irraa fayyadamtootni TikTok %42 kan tahan umuriin isaanii waggaa 18-24 gidduu kan jirudha. Obbo Natsaannet qabiyyeen TikTok itti fayyadamuuf salphaa tahun isaa dargaggootni akka jaalatan taasiseera jedhan. Namootni umurii wal fakkaataa irra jiran karaa kana ergaa akka waliif qoodan haala mijeesseera jedhan Yeetinnaayet karaa TikTok odeeffannoo argatteen hordoftootni ishee %70 ol tahan umuriin isaanii 18-24 gidduu tahuu himte. Obbo Natsannet Feesbuukii fi Televizhinii irratti siyaasatu baay'ata, as irratti ammoo wantoota bashannansisoo waan tahaniif akka filatamu gochuu hin hafu jedhan. Obbo Natsaannet fuulduratti carraa hojii gaarii akka ittiin argachuu danda'aniif namootni hojjetan viidiyoo gaggaarii karaa kalaqa qabuun dhiyeessuu qabu jedhan. Faashinii, turizimiifi kaan irratti osoo hojjetanii dargaggootni gara gabaa kanaatti galuuf haala mijeessaaf jedhan ogeessi kun. TikTok maaliin qeeqama? Fedha fayyadamtootaa adda baasuuf kan gargaaru algoorizimiin TikTok icciitiin kan qabame akka tahe himama. Algoorizimiin kunis viidiyoo fayyadamaan tokko jalqaba jaallate ilaaluun waan isa fakkaatu qofa baay'inaan akka argu godha. Kun ammoo fayyadamtootni yeroo dheeraa TikTok irratti akka dabarsan taasisa. Gama biraan odeeffannoo fayyadamtootaa mootummaa Chaayinaaf dabarsee kenna jedhamuun qeeqama. Indiyaan karaa fayyadamtootni hin beekneen odeeffannoon isaanii hatama jechuun tajaajilicha dhorkiteetti. Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampis nageenya biyyaalessaaf yaaddoodha jechuun itti ciniinnachaa turuun cufuuf dhumarra gahanii ture. Moobaayiloota humna ittisaa Ameerikaa keessatti hojiif oolan irratti akka hin hojjenneefis dhorkamee ture. UK fi Awustiraaliyaanis sodaa qaban ibsaa turan haa tahu malee TikTok himata kanneen hundaa haaleera.
isportii-46232112
https://www.bbc.com/afaanoromoo/isportii-46232112
Atileet Daraartuu Tulluu: 'Ji'a lama qofaaf pirezidantii ta'uun tajaajila'
Atileet Hayilee G/Sillaaseen yeroo pirezidantii atileetiksii irraa ka'uf murteesse muddameera jechuun atileet Daraartuu Tulluu BBC'tti himte.
''Hin muddameen jedha. Maaliifi jennaan gaaffiin dheengaddaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatu gaafatame malee isaa miti.'' Atileetin gurraacha jalqabaa warqii Olompikii irra-aante atileet Daraartuu Tulluu yeroof pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta'un gaafa Roobii filatamte. Koreen hojii raawwachiiftuu federeeshinichaa walgahii taa'en hanga yaa'iin waligalaa ariifachiisaa ji'a lama gidduutti taasifamutti yeroof pirezidantii ta'uun akka hojjettu murtesseera. Gootichi atileet Haayilee G/Sillaaseen turtii waggaa lama booda Wiixata darbe osoo hin eegamin aangoo gadin lakkisa jechuun hordofeeti atileet Daraartuu Tulluun kan bakka buute. Hayileen nan-gadhiisa jechuu isaa dura gaafa Dilbataa atileetonni kilaboota Oromiyaa yeroo fiigichi qaxxaamura biyyaa Sulultaa taasifametti mormii dhageessisaniiru. Osoo waggaan lama isa hafu federeeshinicha keessatti seeraafi qajeelfama hojiirra oolchuu hin dandeenye jechuun aangoo gad-lakkisuun Haayilee, yaada garaa garaa uumeera. Hiriira Sulultaa Dilbata darbe yeroo fiigichi qaxxaamura biyyaa federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa ganda baadiyyaa magaalaa Sulultaa irraa dhihoo jirtutti taasifame sana atileetonni hiriirri taasisanii komii guddaa kaasan. Hiriira kana kan qindeessan keessaa hojii gaggeessaa kilabii atileetiksii hojiiwwan bishaanii Oromiyaa, Obbo Mohammad Hebbo tokko. ''Leenjisaan kabaja haa argatu, mirgi atileeti hin sarbaminii, sagaleen kilaboota federeeshinii atileetiksii keessatti haa dhagahamu,'' jechuun gaafatan jedhan. Dabalataanis, daandii konkolaataa gubbaa leenji'uun atileetota balaaf waan saaxileef daandiin cirrachaa kallattiiwwan magaalaa Finfinnee arfanin akka hojjetamu gaafataniiru. Atileetota Sulultaatti hiriira bahan Qondaaltonni federeeshinichaallee itti dhihaatanii kan mariisisan ta'us Hayileen xalayaa barreesse irratti ''wanti raawwate adabbii guddaa adabsiisa ture '' jechuun hiriiricha qeqeera. Murtee Hayilee duuba Atileetin ciminaafi milkaa'ina fiigicha fageenya dheeraan gurra horate kuni, waggaa lama dura namoota ispoortii beekaniin federeeshiniin buluu qaba jedheeti aangootti kan dhufe. Haa ta'u malee, kan innis amane waan irraa eegamu milkeessuu hin dandeenye. ''Wanta hedduu raawwachuuf karoorseen ture, garuu isan karoorse keessaa dhibbantaa 30 illee dalaguukoo nan shakka,'' jechuun miidiyaa biyya keessaa FBC'f himeera. Xalayaa yeroo gad-lakkisu koree waliigalaaf ergeenis namoonni muraasni dhaabbilee dahoo godhachuun dhiibbaa irraan geessisaa akka turan eera. Eenyu akka tahan garuu hin himne. Keessumaa mormiin atileetotaa sababa ijoos tahu baatu akka murtii kanarra gahu kan dirqan keessaa akka tahe ibseera. Isa dura garuu gaaffilee irra-deddeebbiin gama naannoo Oromiyaa irraa dhufanin kan ka'e dhiibbaan Hayilee gama Oromiyaa akka dhufetti kan fudhatan turani. Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Obbo Daanyaachaw Shifarraa garuu kanaan wal hin galan. ''Gaaffii ka'e baqachuu yoo ta'e malee aangoo irraa ka'uf sababa ta'a jedhee hin yaadu,'' jedhaniiru. Gaffiin isaanii sirrii ture kan jedhan qondaaltichi, inumaa murteen atileetotaa gaaffii isaanii waliin wal qabatuun isaa hamilee isaanii ni miidha yaada jedhu qabu. Hayileen hamma jedhe maaliif gahuu dhabe? Atileet Haayileen sababa gadhiisuu isaa eereen alatti yeroo seeraafi qajeelfama hojiirra oolchuuf jedhutti hoggantoonni hiika biraa akka kennaniif hima. Isa inni amane kana xinxalaan atileetiksii maqaan isaa akka hin dhahamne fedhus ni mirkaneessa. Gabra Igzaaber G/Maariyaam ''Qaamoleen seera federeeshinii atileetiksii idil-addunyaa beekuu dhabuu, gaaffiiwwan atileetotaafi kaan'', akka murteessu akka isa dirqe ni amana. Dhibbaa Hayileen ka'uu qabu Namni maqaa guddaa qabu beekkamtii fi walitti dhufeenya inni qabuun atileetiksii guddisuu danda'a. Kanaaf, Haayileen ka'un isaa hanqina uumuu akka danda'u kan yaadan ni jiru. Garuu hundaa miti. Pirezidantiin itti-aanaa federeeshinichaa atileet G/Igzaaber G/Maariyaam Hayileen ka'un isaa miidhaa guddaa kan qabuufi kaanis dhufee akka hojjetu hin kakaasu jechuun hima. ''Tokkoffaa atileetiksii irratti, lammata immoo biyyattii irratti dhiibbaa guddaa qaba,'' jechuun hima. Xiinxalaan atileetiksii maqaan isaa akka dhahamu hinfeene akka jedhutti '' shaampiyoonaa atileetiksiin addunyaa Dohaatti taasifamuufi Olompikiin dhihaataa osoo jiruu gad-lakkisuun isaa federeeshinichas, ispoortichas hin miidha.'' Obbo Daanyaachoonis osoo Hayileen jraate gaarii akka tahu danda'u yaada qabu. Garuu, ''yeroo inni jiruus qabxiin aileetiksii gadi bu'aa ture,'' jechuun ibsu. Leenjisaan atileetiksii Mohaammad Hebboo garuu Hayileen murtee isaa kana isa Sulultaatti raawwaten qabata akka godhate yaadu. ''Aangoo irraa ka'un Hayilee inumaa atileetiksii hin miidhu, ni fayyisa malee. Maal jennaan erga muudame wanta waadaa seene hin dalagne.'' Atileetiksiin inumaa bara inni aangoorra jiru gadi bu'e kan jedhu leenjisaan kuni qabxii galmaa'aa jiru eera. Gaaffii Oromiyaa hindeebine Pirezidantiin federeeshinii atileetiksii Oromiyaa Obbo Daanyaachaw Shifarraa akka jedhanitti federeeshinii biyyaaf Oromiyaan gaaffilee ijoo lama kaase. ''Tokko maddi atileetotaa kilaboota waan ta'ef, federeeshiniin kuni kan kilabootaa ta'uutu irra jiraata. Lammata hojiin federeeshinichaa iftoomina hin qabu, gaaffiin bulchiinsa gaarii jira,'' jedhu. Gaaffiin kilaboonni atileetiksii federeeshinootaan osoo hin taane kallattiidhaan miseensa federeeshichaa akka tahan gaafatu kuni garuu yaa'ii waligalaa irratti fudhatama hin arganne. Sababa kanaaf, federeeshinichi jijjiirama hinfedhu gaaffii jedhu kaasu. Dhimma kana irratti qondaaltonni federeeshinichaa yaada garaa garaa qabu. ''Oromiyaan naannoo guddaadha atileetota hedduu qaba. Baay'ee fayyadamuu kan qabu anadha jedhee yaada. Kana tokkoon keenyayyuu kan deebisuu dandeenyudha jedhee hinyaadu,'' jechuun atileet G/Igzaaber hima. Daraartuun yeroo ammaa investimantiiwwan adda addaa irratti hirmaattee jirti Reefu yeroo pirezidantii federeeshinichaa ta'un kan muudamte atileet Daraartuu Tulluu immoo gaaffiin Oromiyaan fa'i gaafate 'qoratamaa jira' jetti. ''Galuun isaanii (kilaboota) ispoortiif faayidaa maal qaba kan jedhamu ilaalamee kan murtaa'udha. Baay'ee kan nama rakkisu miti,'' Jechuun BBC'tti himteettii. Federeeshinichi baasii guddaa baasuus misooma atileetiksii irratti oolchaa hinjiru kan jedhan qondaalli Oromiyaa kuni, sababa kanaaf qabxiin gaduma deemuu kaasu. Atileetiksiin Oromoof Sababa kanaaf, Federeeshiniin Oromiyaa jijjiiramni akka jiraatu fedha. Jijjiiramni biyya keessa taasifamaa jiru federeeshinii atileetiksii biyyaa keessaas akka seenu ni gaafata. ''Atileetiksii jechuun Oromoodhaaf iispoortii qofa miti. Atileetiksiin eenyummaadha, biznasiidha, aadaadha, carraa hojii kan itti uumuu fi kan qabeenya itti horattudha'' jedhu. Dhuguma atileetiksiin madda galii ta'un isaa qaamoleen garaa garaa bakkatti waldhaban godheera ta'uu mala. Kanaaf immoo, Oromiyaan dura-aantummaan akka gaafataa jiru ni amanu. ''Kaampaaniin guddaan tokko yeroo kufu namoota qooda baay'ee keessaa qabanitu miidhama. Atileetiksiin biyya kanaas yeroo kufu, kallattiidhaan atileetota Oromoo irratti miidhaan dhaqqabu akkasuma cimaa waan ta'ef furamuu qaba'' jedhu. Egeree Daraartuu Amma muudamuu ishee akka carraa guddaatti akka ilaaltu kan BBC'n gaafate Daraartuun durumaa federeeshinichi gaaffilee gaafataman mariidhaan furaa akka jiru ni dubbatti. Haa ta'u malee, yeroof pirezidantii ta'un tajaajiluurra kan darbe ji'a lama booda yaa'i waliigalaa arifachiisaa taasifamu irratti akka hin hirmaanne BBC'tti himteetti. ''Hindorgomu. Dorgomuuf yaada hinqabu. Pirezidantii ta'e itti fufuun baay'ee natti ulfaata.''
oduu-56736863
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56736863
Filannoo Itoophiyaa 2021: Buufataaleen filannoo walakkaa ol hin banamne, Affaariifi Somaaleetti galmeen hin jalqabne
Filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa marsaan 6ffaa gaggeeffamuuf yeroon baatii lamaa gadi ta'e hafee jiru kanatti buufataaleen filannoo walakkaa ta'an hin banamiin jiraachuu, Soomaleefi Affaaritti ammoo filattoota galmeessuun akka hin jarqabamiin Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hime.
Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa, Aadde Birtukaan Miidhaksaa Galmeen filattootaa torban sadii dura kan eegalame yoo tahu, buufataalee filannoo namoota sagalee kennaan galmeessu jedhamee karoorfame 50,000 keessaa 25,151 qofa galmeessaa jira. Buufataaleen hafan 24,000 caalan ammoo ammayyuu hojii galmeessuu kana hin eegalle. Buufataaleen filannoo naannoo Affaari fi Somaalee galmee kanneen hin eegalle keessatti argamu. Kunis kan ibsame Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa galmee filattootaa fi paartilee siyaasaa filannoorratti hirmaatanii maal irra akka jiru wayita himettidha. Filannoo ji'a Caamsaa bara 2021 gara xumuraarratti naannoo Tigiraay irraa kan hafe, guutummaa biyyatti keessatti gaggeeffamuuf naannoolee filannoo 674 kan buufataalee filannoo 50,000 of keessaa qaban qophaa'aniiru. Haa tahu malee buufataalee filannoo 50,000 keessaa walakkaa isaanii keessatti qofa galmeen filannoo eegalee jira. Walitti qabduun boordii filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa Aaddee Birtukaan Miidhaksaa akka jdhanitti, buufataalee filannoo galmeen keessatti eegalame keessattis haala barbaadameen hojjetamaa hin jiru. Akka fakkenyaatti kaan kaasan magaalaa Finfinnee kan jiraattoota miliyoona shanii ol qabdu yoo tahu magaalichatti erga galmeen jalqabee as hanga ammaatti namoota 200,000 tahan qofatu torban sadii keessatti galmaa'e. Magaalichatti buufataaleen filannoo1,848 namoota sagalee kennan galmeessu jedhamee karoorfamullee, buufataaleen filannoo186 otoo hin banamiin akka jiran boordichi himeera. Bitootessa 16 bara 2013 kan eegalame galmeen filattootaa xumuramuuf guyyootni kudhan qofa kan hafe yoo tahu guyyoota hafan keessatti hammi namoota galmaa'uu jedhamee eegamuu osoo hin galmaa'iin yoo hafan maaltu akka tahu ammatti hin baramne jedheera boordichi. Filannoo fi haala nageenyaa Walitti Qabduun Boordicha Aadde Birtukaan Miidhaksaa filattoota buufataalee filannoo hundatti galmeeessuun dadhabamuusaatiif sababoota adda addaa ibsan. Sababni tokkoo haala nageeenyati. Buufataaleen filannoo 4,126 nageenyi dhabamuun filattoota galmeessuun akka dadhabame himan. Sababa kanaaf galmeen iddoo garaa garaatti saffisa barbaadameen raawwatamaa akka hin jirre Aadde Birtukaan ibsan. Iddoowwwan baay'eetti rakkoo nageenyaa fi geejjibaatiin walqabatuun meeshaleen galmeef barbaachisan geessuun waan dadhabameef buufataaleen filannoo hin banamne jedhan. Naannoo Oromiyaa godinaalee afur; Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horro Guduruu fi Qeellam Wallaggaatti sababii rakkoo nageenyatiin galmeen filannoo gaggeefamaa akka hin jirres himaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Naannoo Amaaraa Shawaa Kaabaa, Godina Addaa Saba Oromoo Kamisee, Argobbaa fi Waaagimiraa, Naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkalii fi Kamaashii, akkasumas Naannoo Kibbaa Gurra Fardaa, Surmaa fi Zelmaamittis akka galmeen hin eegalle himan. Isaan keessaa galmeen filattootaa bakkeewan itti eegalamee addaan cite akka jiru himuun, iddoo tokko tokkotti ammoo erga adda citee akka deebi'ee eeegalames himaniiru. Rakkoo nageenyaatiin walqabatee filattoota galmeessuun iddoowwan dadhabame caalaa#, rakkoo geejjibaatiin meeshaalee filannoo qaqqabsiisuun iddoo dadhabamettii tattaaffiin barbaachisaan taasifamuun buufataaleen filannoo ni banamu jedhan Aadde Birtukaan. Haata'u malee, Boordichi itti fufinsaan marii gaggeeffamurratti galmee filannoo fi dhimmoota kanaan walqabatan ilaalchisuun qooda fudhattoota wajjin akka akka mariyatuu himeera. Itti dabaluun guutummaatti buufataaleen filannoo akka banaman tattafachuu himuun haala galmichaa ilaalchisuun guyyoota torban dhufan keessatti beeksisu himeera. Ministirri Muummee Abiy Ahimad uummanni bakka bu'oota Mana maree sadarkaa biyyaalessaafi naannoo filachuuf dursee akka galmaa'u toora miidiyaa hawaasaarratti dhaaman. ''Lammileen mirga dimokitraasii isaanitti fayyadamuun dammaqinaaan akka hirmaatanitu eegama. Biyya keenyaatti dimokiraasii boruu murteessuun kan danda'amu har'a kaardii filannoo baasuudhaani. Kaardii baafachuuf boru hin jedhiina, Boru har'arraa eegala''jechuun waamicha dhiyeessan. Filannoon biyyaleessaa filatamuuf torban torba qofti wayita hafe kanatti namoonni miliyoona 50 sagalee ni kennuu jedhamee eegamuulle, ammatti galmeen filattootaa hedduun sababoota garaa garaatiin galmee hin eegalle. Guyyaan galmee filattootaa Bitooteessa 16, 2013 eegalame yoo hin dheereffamiin hafe A.L.I Ebla 15, bara 2013 goolama. Filannoo bara 2013 Filannoon biyyaalessaafi naannoo bara darbe filatamuuf karoorfame sababii sodaa weerarri koronaavaayirasii uumeen baranatti erga dabarfame booda, Caaamsaa gara xumuraa fi Waxabajjii gara jalqabarratti akka filatamuuf karoofameef Boordiiin Filannoo qophii barbaachisaa gochuurratti argama. Naannoo Tigiraayi irraan kan hafe iddoowwaan kaanitti uummata biyyatti keessa harka walakkaa kan ta'u, namoonni miliyoona 50 sagalee kennu jedhamee akka eegamu Boordiin Filannoo ibseera. Paartiileen siyaaasa 47 filannoorrratti hirmaatan keessaa paartiin Badhaadhinaa kaadhimatoota 2,432 galmeessiisuun baay'inaa kaadhimtootaa galmeessiiseen sadarkaa duraarratti akka argamu ibsameera. Paartiin EZEMA kaadhimatoota 1,385 dhiyeessuun yoo itti aanuu, Paartiin Ennaat kaadhimaamtoota 573 dhiyeeffateera. Paartilee sadan dabalatee, paartii fi dhuunfaan dorgomuuf kaadhimamtoonni 8,200 ol galmaa'uu Boordiin Filannoo himeera.
oduu-49525410
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49525410
Beeksisi kitaaba qaama saala dubartootaa miidiyaa hawaasummaarraa haqame
Miidiyaan hawaasummaa kanneen akka tiwitarii, Inistaagiraamiifi Fesbuukii kitaaba waa'ee qaama hormaata dubartootaa (buqushaa) mata duree 'The Vigina Bible' jedhuun barreeffame diduusaa dhaabbati kitaaba maxxansu Kensingitan jedhamu ibse.
Qabiyyeen kitaaba kanaa wayita miidiyaalee hawaasummaa kanneenirratti beeksifamutti jechi 'vaginal ykn vagina' jedhu hundi fudhatama dhabeera. Beeksisi jecha kana of keessaa hin qabne garuu hunduu darbeera. Kitaaba kana kan barreessan Dr Jenifar Guntar jechi 'vagina' jedhu safuu osoo hin taane qaama namaati, jecha qaaniis miti jedhan. Beeksisi waa'ee kitaaba kanaa jalqaba wayita maxxansuuf dhiyaate ''waa'ee fayyaa buqushaa wantoota baruu qabdan' jedha ture. Inni kun haqameera. Booda jecha 'vagina' jedhu keessaa baasuun beeksisichi darbeera. Barnoota waa'ee walquunnamtii saalaa fi fayyummaa qaama walhormaataa dubartootaa kan barsiisan Dr. Jenifar inumaa maqaa kana waamuu dhiisuutu qaaniidha malee, maqaa uumamaa isaatiin waamuun waan tuffatamuu qabu miti jedhan.
oduu-42314810
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42314810
Barattoonni Yunivarsiitiiwwan Amboo, Gondariifi Woldiyaa mormiirra jiru
Walitti bu'insa Jimaata darbe Yuunvarsiitii Addigraatitti barattoota gidduutti uumameen, muddamni guyyootaaf itti fufee barattoonni Yuunvarsiitiiwwan Waldiyaa, Gondariifi Amboo mormii dhageessisaa akka jiran odeeffannoon yuunvarsiitota kanarraa arganne ni mullisu.
Walitti bu'insa Jimaata ALH Sadaasa 29, 2010 Yuunvarsiitii Addigiraatitti uumameen barataan tokko akka du'e, ooggantoonni yuunivarsiitichaafi itti gaafatamaan komunikeeshinii naannoo Amaaraa beeksisanillee barattoonni garuu lakkoofsa kanaa ol guddisanii himu. Dabalataanis barattoonni lakkoofsi isaanii hinbeekamne miidhaan irra ga'ee mana yaalaa geeffamanii wallaansa argataa akka jiran himameera. Walitti bu'insi kun kan ka'e, wayita barattoonni ayyaana sabaa, sab-lammootaafi uummattootaa osoo kabajaa jiran, barattoonni lama walitti bu'uu isaaniitiin. Walitti bu'insi sadarkaa olaanaatti ce'uun gareedhaan hiramanii dhagaa walitti darbachuun akka eegalame, daayirektarri kutaa sab-qunnamtii Yuunvarsiitii Addigiraat Yohaannis Kabbadaa ibsaniiru. Sa'aatiiwwan muraasaan booda humni nageenyaa seenee tasgabeessuu Obbo Yohaannis dubbatanis, ammallee yuunivarsiiticha keessa dhiphina hedduutu jira. Kanumarraan itti fufee Yuunvarsiitii Waldiyaatti, Dilbata galgala jeequmsiifi walitti bu'insi jalqabee gara alkanii xiqqoo tasgabbaa'ee Wixata ganama garuu irra deebiyee ka'uudhaan barattootarra miidhaan ga'uun barattoonni akka maqaan isaanii hin dha'amne barbaadan dubbisne nutti himaniiru. Haaluma walfakkaatuun Yuunvarsiitii Gondarittis, barattoonni mootummaa abaaraa mormii akka dhageessisan barattoonni nutti himaniiru. Akkasumas Yuunvarsiitii Ambootti miidhaa barattoota Yuunvarsiitii Addigiraatirra ga'e mormuudhaan, mooraa guddaa keessatti har'a (Wixata) mormii dhageessisaa kan jiran yommuu ta'u, barumsas akka dhaaban barattoonni dubbisne nutti himaniiru. Mooraa biraa keessatti garuu wanti uumame akka hin jirreefi barumsis itti fufee ooluunsaa himameera. Walitti bu'insa Yuunvarsiitii Addigiraatitti uumameen barataan lubbuun isaa darbe barataa Habtaamuu Yaaloo Sinnishaaw kan jedhamu, barataa Manaajimentii waggaa 2ffaa ta'uun isaa mirkanaa'eera. Reeffi barataa kanaas, gara maatiisaatti akka geeffame, itti gaafatamaan Komunikeeeshinii Naannoo Amaaraa ibsaniiru. Obbo Yohaannis Kabbadaa Daayirekterri Sab-qunnamtii Yuunvarsiitii Addigraat "Walitti bu'insa kanaan booda barattoonni mooraa gadi lakkisuuf gaafatanii turan. Dubbichi akka tasgabbaa'uu danda'uufi jaarsoliiniifi abbootiin amantaa akka gidduu seenan taasifneerra," jedhan. Waanti jiru akka tasgabbaa'e kan dubbatan Obbo Yohaannis, barumsi jalqabeera jedhanii nutti himanillee, barattoonni dubbisne sodaa keessa akka jiraniifi barumsa akka hin jalqabiin ibsaniiru. Yuunvarsiitichis eegumsa poolisii federaalaa jala kan jiru yommuu ta'u, barattoonni hedduun gara maatii isaaniitti galuu akka barbaadan himaniiru. Maatiiwwan yuunivarsiiticharraa fagoo jiranis yaaddoo cimaa keessa akka jiraniifi mootummaan "nageenya ijoollee isaanii eegsisuu hin danda'u yoo ta'e gara mana isaaniitti deebisuu qaba," jechuun haati ilmi isaanii yuunvarsiitii barattu jiraataa Dassee ta'an tokko dubbataniiru.
44053772
https://www.bbc.com/afaanoromoo/44053772
Ogeessa Seeraa: Aangoon qabeenya uumamaa bulchuu kan naannooleeti
Hayyamni Warshaa omisha warqee MIDROC Lagadambii kan haaromfamuun isaa tibbana Gudinaalee Gujii keessatti mormii uummataa kaase haqamuu isaa Ministeera Albuudaa, Boba'aafi Gaazii Uumaamaa irraa dhagahe jechuun maddi Oduu Faanaa kaleessa galgala gabaasee ture.
Warshaa oomisha warqii MIDROC Hamma qaamni bilisaa ta'e ummataafi caasaa mootummaa hirmaachise qorannaa gaggeessuun bu'aa qorannichaa ifoomsutti, warshichi warqee baasuus ta'e oomishuu dhorkameera, kunis gaaffii uummataaf deebii ta'a jedheera Ministeerichi. Mormiin uummataa sababa kanaan dhalate hanga kaleessatti itti fufee lubbuun namoota afurii baduu qondaalonni hospitaala Adoolaa BBC'tti himaniiru. Rakkooleen akkasii osoo badii lubbuu namaa hin dhaqqabsiisiin seeraan akkamiin furmaata argachuu danda'u, kana keessatti ammoo gaheen mootummaa federaalaafi naannoo maali kan jedhuufi dhimmoota kaan irratti ogeessa seeraa Obbo Betiruu Dibaabaa haasofsiiseeera. Eeyyama albuuda baasuu kan akka Miidirook kanaa keennuudhaaf aangoo kallattii kan qabu mootumaa federaalaati moo? Kan naannoleeti? Magaalaa Shaakkisoo bara 2017 Heerriifi labsiin maal jedha? Mootummaan fedraalaa seera waliigalaa naannoleen hundi qabeenya uumamaa ittin bulchan baasuu danda'a malee, seera xiyyeefataa kan akka hayyama kennuufaa raawwachuufi qabeenya uumamaa isaanii bulchuuf aangoo kan qaban naannoleedha. Bu'uura kanaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa aangoo heerri kenneefi hojiirra oolchaa jiraaree? Akka Obbo Batiruun jedhanitti, Mootummaan naannoo mariifi waliigaltee kamiyyuu osoo hin fayyadamiin bu'uura seera waliigaltee sirna federaalizimii ittiin caasefameen aangoo isaa battalaan fayyadamuu ni danda'a. Barmaatileen amma mootummaan federaalaa jalqabe, kan akka hayyama qabeenya uumamaa keennuufi haquufaa waan heeratti bu'u waan ta'eef, mootummaan naannoo aangootti fayyadamuudha malee mariin hin barbaachisu, jechuun ibsu ogeessi kun. Kubbaaniyyaan Albuuda baasu kan akka MIDROC dursee maal gochuu qaba ture? Erga miidhaan gahe qorannoo gaggeessina jechuu kana ija seeraan akkamitti ilaaltu gaaffii jedhuufis, Obbo Batiruun biizinasiin kamiyyuu gaafa jalqabu akka kaayyootti qabatee kan hojiitti galuu qabu, invastimantichi ''mirga namoomaa ni foyyeessaa'' jiraattotaaf waan dabalu qaba jedhame yeroo amanamu qofaadha kan hayyamni kennamuufi qabu kan jiedhu ilaalcha keessa galcheeti. Garuu jedhu Obbo Batiruun, MIDROC yoo fudhannee akkuma lafarratti argaa jirruu, jiraattotaaf waa dabaluu dhiisuu qofa miti, inumaayyuu miidhaa garaagaraa irratti geessisaa jira. Mirgi namaa isaanii naanno qulqulluufi foyya'aa keessa jiraachuu isaanii sarabamuu irra darbe miidhaa mirga namoomaa qaama qabaachuun illee irraa molqameera. Dargaggoonni naannoo sana gaa'ila godhachuuf illee hamilee akka dhaban kan godhedha, jechuun ibsu. Qaamni mootummaa uumata achi jiru mariisisaa ture garuu kemikaalli uummata miidhaa jiru hin jiru jedheeraa, yoo jiraates ni qoratamaa jechuun qoranicha Addis Aababa Yunivarsiitiif kenneeraa. Qorannoon silaa akkamitti gaggeefama, qaama walabaan gaggeefamuu hin qabu jettuu, kan jedhu yeroo deebisan qorannoon jalqaba ta'uu qaba ture jedhan. Obbo Batiruun, "Qilleensarratti hayyama argachuunuu seeraan aladha. Amma immoo gurmiin qorattoota kanaa waan gaafatamuu qabudha. Gurmiin isaanii hojii isaanii bilisaan akka hojjetan kan isaan taasisu mitii. Namoonni komee uumataa beekaniifi haala qabatamaa jiraattotaa beekan ta'uu qaba gurmaa'insi garee sanaa," jechuun ibsan.
oduu-49496828
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49496828
Dr. Boonii Holkomb: Oromoon bakka akkas badhaadherra taa'uunsaa tasa natti hin fakkaatu
Nami hedduun maqaa Qabbanee Waaqayyoo jedhuun beekaan. Dr. Boonii K. Holkomb lammii Ameerikaa yoo taatu, ganna hedduun dura - akka isheen jettutti 'qarree ganna 23 wayita turtetti' gara Oromiyaa dhufuun uummata Oromoo waliin walbarte.
Egasiis OSA hundeessuu dabalatee, qorannoowwan garaagaraa gaggeessaa turteetti. Ganna hedduun duubas gara Oromiyaa kan deebite Qabbanneen, wayita konfaransii OSA'f Finfinneetti argamte BBC waliin turtii taasisteetti. Dhiyaadhaa. Maqaa Qabbannee akkamiin argatte? Sirna moggaasaatiin hin turre kan naaf mogga'e. Hawaasa waliin hojii garaagaraa irratti nan hirmaadhan ture. Gaafa sana xaafii sassaabaan ture. Uummata waliin, warri dhiiraa yoo haaman, dubartoonni ni hidhu. Daboo ture, hundi keenya dadhabnee turre. Gaaddisa muka guddaa jala teenyee nyaata dhufe nyaachaa turre. Gargaaraa qorataa Guddataa Nagarii jedhamu qaban ture. Amma argachuunii hin dandeenye, BBC'n yoo nagargaare hedduun gammada. Maqaan koo eenyu akka ta'eefi hiikni isaa maal akka ta'e nagaafatani. Isatti garagaluun, amallishee akkami jedhanii gaafatani. Tasgabbooftuudha jedheen. Naga qabeettiifi kan hin dhiphanne, salphaattis hin jeeqamtu jedheeni. Isaanis: gaaddisa mukaa jala teenyee jirra, tasgabbooftuufi kan hin dhiphannedha jettee jirta. Qabbanee jennee haa waamnuun jedhani. Anis maal akka ta'e nan gaafadhe - natti tole. Isaan keessaas namni ta'e abbaan kee meerre naan jedhe. Anis, biyya kanatti kophaakoon asiif achi deema, waaqatu na eegan jedheen. Akkas taanaan Qabbanee Waaqayyoo jennee siwaamna naan jedhe. Guyyaa sanarraa kaasees Qabbanee jedhanii na waamani, anis maqaa kana hedduun kabaja. Namni Aadde Qabbanee jedhee yoo siwaamu maaltu sitti dhaga'ama? Baay'een gammada! Mallattoo jaalalaati. Beekamtii namaaf laachuu dha. Dhimmi Oromoo yoom si hawwachuu eegale? Waa'een Oromoo kan na hawwate karaa mishinaroota, hiriyoota abbaa koo turaniini. 'Warra Gaallaa' Kiristaanomsuuf H/Sillaasee irraa ergaa argachuu natti himani. Ergaa sanaaf deebii kennuun, H/Guduruutti mishinarii dhaabani. Koolleejii yeroon xumuru waa'ee uummata kanaa baruun barbaade. Kanaaf Antirooppoloojii qo'adhe. Bara 1971'tti qarree ganna 23 ta'ee gara kana dhufe. Uummanni sirriitti na simate. Yeroo sana ture 'Gaallaa' osoo hin taane, Oromoo akka ta'an kanin bare. Oromoo waliin kanin wal-bare qonnaan bultoota baadiyyaa jiraniini. Beeyiladootas ni qabu ture. Uummata guddaa dhageettii hin arganne ta'uu hubachuun eegale. Hojiinkoos Oromoon akka ifatti ba'uuf karaa garaagaraan carraaquu ture. Danqaan hedduun na mudatee jira. Hundeessitoota 'OSA' keessaa tokko ta'uun, beektota dhimma akkasii irratti hojjetan waliin hojjechuun eegale. Yaadrimee fi barnoota gocha qabatamaa ta'etti warreen wal-simsiisan. Anis isaan keessaa tokko jedheen fudhadha. Firiin amma OSA irraa argame, waan itti gammaduu qabnudha. Bara 1973'tti ergan ba'ee hanga ammaatti hin deebine. Ummata baadiyyaa Oromiyaa keessaa daawwachuuf fedhus hin dandeenyen ture. Mootummaan Dargii naaf hayyamuu dide, inni itti aanes gammadaa hin turre. Amma qeerroo fi qarreen anaafi kanneen biroof balbala nuuf bananii jiru. Qabbannee Waaqayyoo hedduun jaaladha Dantaa Oromoo irratti hojjechuuf maaltu akkas si kakaase? Yaada kiyyaan, osoon ummata biroo haala akkasii keessa jiran argee, akka dhimma haqaattiin fudhadhee sochoo'a ture. Intala paastarii ta'uun koo, akkan dhimma kana cimsee itti fufu na taasisee jira. 'Oromo Advocacy Alliance' dhaabuuf garee tokko waliin socho'eera. Sochii qeerroofi qarreefis gumaachaa turre. Gama dandeenyuun sagaleen isaanii akka dhaga'amuuf gargaaraa turre. Koongiresii US keessatti wixineen akka dhiyaatuuf haalaan hojjenne. Itoophiyaatti mootummaan waliinii mirga namoomaa kabaju akka jiraatuuf. Walta'iinsa Amaaraa Ameerikaatti dhimma akkasii irratti hojjetuun walitti dhufne. Akkasumas piroojektii mirga namoomaa Itoophiyaa fi dhaabbilee addunyaa, 'Human Rights Watch', 'Amnesty International' akkasumas garee 'TASC' jedhamu fi gareewwan Somaalii waliin hojjechuu eegalle. Dantaa waliin keenyas mirga namoomaafi bulchiinsa hunda hammatu gaafachuu ture. Jijjiiramoonni Ameerikaadhaan deeggaraman kanaan kan dhufan natti fakkaata. Ammas karaa garagaraan kana beeksisuuf sochii taasina. Jireenya kee guutuu dantaa Oromoof hojjechaa wayita turtetti, maatiin kee dhimma kana akkamiin simatani? Maatiin koo hedduu na deeggaraa turani. Carraa addaa akkan argadhe hubatanii turani. Qaawwa dhiphaa argadheen, ummata Oromootti seenee hojjechuuf carraa namoonni biroo hin argannen argadhee ture. Namoonni akka kootti kallattiin Oromoo waliin wal-arguuf, danqaa hedduutu ture. Kanaafan dhimma kanaaf amanamee xiyyeeffannoon kanin hojjedhe. Jijjiirama fiduudhaaf. Namni tokko qofti jijjiirama guddaa fiduu hin danda'u. Garuu waan eegalanitti yoo cichan, jijjiirama muraasa fiduu malu. Qorannoo hedduu akka geggeessite ni beekna, maal maal akka ta'an mee gabaabsi nutti himi. Yeroon as turetti waa'ee gaa'elaa qo'achaan ture. Cidha hundarratti argamaan ture. Waa'ee Oromoo gama kanaan hedduun baradhe. Torbee muraasa dura Jimmaa deemee, nama naannoo sanaa argee akka nayaadatu natti hime. 'Ijoollee siduuka bu'anii afaan sibarsiisaa turan keessaa tokkodha' naan jedhe. 'Qamisii dheeraa uffatte cidha irratti suuraa kaasaa turte' naan jedhe. Muuxannoo kanas barruu qorannoo Itoophiyaaf dhiyeesseera. Waa'ee Oromoo dubbadheera. Dambiin isaanii Oromoo 'Gaallaa' jedhee waan waamuuf, barreeffamichi waa'ee 'Gaallaa' dubbata. Matadureen 'Gaa'ela Oromoo H/Guduruu Wallaggaatti' jedhu, yeroo jalqabaaf barruu qorannoo Itoophiyaa irratti jecha Oromoo jedhu qabatee ba'e. Ameerikaatti deebi'ee barnoota yoon itti fufu, muuxannoofi waanan arge xiinxaluun eegale. Achiis, Itoophiyaan biyya jalqabaa Afriikaatti kolonooffamte jedheen fudhadhe. Awurooppaanonni karaa jelaan naannoo kanarratti dhiibbaa gochaa turani. 'Awurooppaanota diduun Itoophiyaan Afriikaatti adda dha' yaada jedhu falmeera. Sababni isaas, biyya hundeessuufi gama ummata bulchuun, qabeenya waliingahuu ilaalchisee amma yoonaatti deeggarsi kennamaafii jira. Kan nuuf maxxansu dhabne. Barreeffamoonni hedduun beektota 'Itoophiyummaa' leellisaniin ilaalamu ture. Qarshii argachuun rakkisaa waan ta'eef ofumaan hojjenne. Abbaan warraa kiyya kanarratti yeroo hunda nagargaaraa ture. Kitaaba 'Invention of Ethiopia' jedhu yaada keenya iddoo tokkotti qabuuf barreessine. Gara maxxansaatti bara 1989 galee, 1990'tti maxxanffame. Dhimmoota Oromoo hundarratti hojjechuun eegale. Dhimmoota saalaa, baqattummaafi mirga namoomaa irratti. Waa'ee lafaa irrattis barreessuun eegale. Dhihootti barruu qorannoo Oromoo irratti sirba Hawwii Tazarraa 'Ka'i Qeerroo' jedhu hiikuudhaan maal akka ta'e barreesseen ture. Walitti dhufeenya gadi-fagoo Oromoon lafa waliin qabu ittiin xinxale. Lafti handhuura kan jedhu sana. Oromoon walitti dhufeenya cimaa lafa waliin qabu sirriitti ibsitee jirti jedheen yaada. Amma garuu laftisaa haqa malee saamamuu isaatiin, handhuura isaaniirraa cituu waan hin dandeenyeef fincilaa jiraachuu hima. Kunneen fakkeenyota kitaabota ani barreesseeti. Jireenyakoo hedduu kanin dabarse garuu Oromoof sagalee ta'uuni. Namoota jijjiiramaa waliin waliin hojjechuun, yaada guddaa qabaatanii Ingiliffa kan rakkatan gargaaruufi waraqaa qopheessuu, waa'ee Oromoo dubbachuu, qorannoo dhiyeessuu, beektonni hubannoo akka argataniif hojjechuu, danqaawwan bira dabarre keessa deebinee ilaaluu ture. Oromoon akka baay'ina isaaniitti ammallee hin mullanne. Waa'ee Oromoo kan jaalattu keessaa tokko natti himi. Waan tokko filachuun qaba taanaan, kan hedduu na ajaa'ibu, Oromoon akka qaama uumamaatti of ilaaluu isaaniiti. Waaqaa olittis, gadittis osoo hin taane, qabeenya waaqni kenneefitti fayyadamuuf akka uumamaniitti of ilaalu. Oromoon bakka akkas badhaadherra taa'uunsaa tasa natti hin fakkaatu. Isaantu akkas godhe. Beekumsa uumaa Oromoo hojiirra oolchu. Waan hunda keessatti marsaatu jira. Sanyiin kamuu kununsa gaarii argannaan, ni guddata jedhanii amanu. Kun ammoo, namarrattis, bineensarrattis, biqilootarrattis ta'e lafarratti ni hojjeta. Kanas akka qabeenya guddaattan ilaala. Yeroo hundaayyuu dinqisiifachaan ture. Yaadnikoofi kan Oromoo bakka walitti bu'etti seeraan nabarsiisani. Bakki sirrii dhala namaa eessa akka ta'e. Aadaan kun amantiiwwan gurguddoo addunyaa waliin kan wal-gitu dha. Osoo sirriitti ibsameefi hubatameera ta'ee. Addunyaan Lixaa itti fufiinsa qabeenyaa mirkaneessuuf carraaqaa jira. Oromoon garuu durumaan qaba. Sanatu wanta guddaa ani Oromoorraa dinqisiifadhu dha. Oromoon lafa waliin walitti dhufeenya qaban, yaada kana ni hirmaatu jedheen yaada. Guutummaan guutuutti ta'uu baatus, ummanni aadaa kana qabatee jiru, lafa isaarraa buqqa'ee, magaalotatti dhiibamee, hiyyoomee maastikaa akka gurguruufi 'taaksii' akka konkolaachisu ta'ee, Qabeenyi isaan qaban badee jira. Baay'ee nagaddisiisa. Kunis dantaa Oromoo akkan falmadhuu na taasisan keessaa tokko dha. Gara fuulduraatti Oromoon maal akka ta'u feeta? Yaada kana qorannookoo yoon dhiyeessu ibseen jira, ammas irran deebi'a. Omishtoonni Oromoo yaada kana qaban, omisha isaaniitiin diinagdee Itoophiyaaf hedduu kan gumaachan, qonnaafi loon horsiisuun warri deeggaran, abbaa qabeenyummaafi murtee kennuu irratti beekamtii akka argatanin fedha. Kunis haala mootummaan itti hojjetu irratti hundaa'uun karaa hedduun ta'uu mala. Oromoon duudhaawwan Oromoo ganamaatti deebi'uu qaba jedhama, maal yaadda? Dudhaaleen Oromoo sammuufi onnee Oromoo keessa jira jedheen yaada. Kara namoota barateen dhufuu hin qabani. Namoota ummata isaaniirraa fagaatanii jiranirraa dhufuu hin qabu. Garuu warreen baratan sun carraafi waltajjii uumuu danda'u. Oromoon kaan dudhaalee isaanii akka shaakalaniif haala mijeessuu malu. Qonnaan bultoonni carraa argatanii, wanti hundi ibsameefii, seeronni ba'an akkamiin hojiirra akka oolan murteessuu danda'u. Akka kootti, sadarkaa gadiirraa dhufuu danda'u. Hojiin godaa eegalee namoota carraa fooyya'aa qabaniin deeggarame, addunyaatti dhimmicha dhiyeessuuf carraa guddaa qaba. Kunis dargaggoota hin baratin Oromiyaa keessa jiran hirmaachisuun, Afriikaafillee fakkeenya ta'uu qaba. Oromummaatu Gadaa uume, Gadaa kophaatti fudhannee gubbaadhaa eegaluu qaba jennaan, Gadaan akkasitti miti kan hojjetaa ture. Gadaan sirna jabaa fakkeenyummaa qabuufii dudhaa Oromummaa irraa dhalate dha. Carraan osoo kennameefii waan haaraa fiduu danda'a. Hedduu galatoomi Dr. Boonii. Waan si argineef nutti toleera. Galatoomi.
oduu-42856090
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42856090
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Doolaarri Miiliyoona 10 buqqatotaaf arjoome
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessaan dhimmoota hawaasummaa fi walitti qabaan deeggarsa bayyanachiisaa yeroo balaa, Maark Laawkook, lammilee balaa fi hongeen miidhaman erga daawwatanii booda gargaarsi doolaara miiliyoona 10 Fandii gidduugala gargaarsa atattamaarraa akka kennan beeksisaniiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Doolaarri Miiliyoona 10 lammilee walitti bu'iinsa daangaa Oromiyaa fi Somaaleedhaa buqqa'aniif arjoome Waggoota walitti aanaa sadiif hanqina roobaa naannolee biyyattii akka Somaalee fi Oromiyaa mudateen namoonni miiliyoona hedduun lakkaa'aman deeggarsa atattamaa barbaadu kan jedhan Mr Maark Lowkook, walitti bu'iinsi daangaafi daangaan alaa naannoo Somaalee fi Oromiyaa jidduutti dhalateen lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii daran dabaluu hubanneerra jedhan. Akka Mr Maarkiitti, ''Fandii gidduugala gargaarsa atattamarraa, deeggarsi doolaara miiliyoona 10 namoota rakkoo walitti bu'iinsaa kanaan qe'eesaanirraa buqqa'aniif qofa akka oolu hayyameera. Maallaqni kun deeggarsoota atattamaan daraara lammilee kanaa furuuf barbaachisaniifi buqqaatota kanneen deebiisanii dhaabuun furmaata walitti fuufiinsa qabu fiduuf oolu qaba'' jedhan Obbo Maark. Dhaabbata Biyyoota gamtoomaniitti ragaan waajira Qindeessaa deeggarsa namoomaa akka ibsutti ,nammoonni miiliyoona tokko ta'an sababa walitti bu'iinsa naannoo somaalee fi Oromiyaatiin bakka jireenyaa isaaniirraa buqqa'uuf dirqaamaniiru. Maallaqni kun buqqaatotaaf wantoota atattamaan barbaachisan akka bishaan dhugaatii, dahoo fi kanneen biroof dhiyeesuuf oola jedhameera. Obbo Maark, Lammiilee qe'eesanirraa buqqa'anii kanneen amma Godina Addaa Naannawaa Finfinnee qubataniifi naannoo Somaalee jiran daawwachu isaanis himaniiru. ''Wanti irra deddeebiin naamonni walitti bu'iinsa kanaan buqqa'an anaa fi waahila koo Bulchaa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Ahiim Istaayinaritti himan, gara naannoo irraa buqqa'anitti deebi'uu akka hin feeneefi naannoo amma qubatanii jiranitti jireenya haaraa eegalu akka fedhaniidha'' jedhan. Kana milkeessuuf mootummaan qaamolee hawaasaa, dhaabilee dhuunfaa fi hawaasa biyya alaa waliin ta'uun tarsiimoo dirirsuun hojii hojjechaa jiruu kan beekan ta'uu himun, maallaqnin amma kennamu hojiileen kun akka saffissan gargaara jedhan. Maallaqichi akkamiin naannolee lamaan kanaaf akka qoodamu gaafannee deebii kennanniin ''hojjettoonni Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii garee Itoophiyaa qondaaltota biyatti waliin dhimma kana irratti ni hojjetu, ammaaf wanti yaadame garuu hin jiru'' jedhaniiru. Maallaqni Waadaa galame dhimma jedhameef ooluu fi ooluu dhabuusaaf hordoffii godhamu ilaalchisee yaada kennaniin ammoo,''Itoophiyaan qabeenya qabduun rakkoo jiru furuu irratti maqaa gaarii qabdi. Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii Sirni hordoffii mataasaa qabaa waan ta'eef Saniin hordofna'' jedhan. Haaluma walfakkaatuun Mr Maarkii fi Istaayinar namoota balaa hongeen miidhamanis daawwataniiru. Hanqinni roobaa kutaalee biyyattii tokko tokkotti itti fufinsaan waggoota Afuriif mudachaa waan jiruuf lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii ji'oota dhufan keessatti dabaluu ni danda'a yaaddoo jedhu akka uume beeksisaniiru. Hanqina Roobaan namoonni gargaarsa hataattamaa eeguuf saaxilaman ni dabala jedhamee eegama Dhimma kana irratti marii qondaaltota mootummaa waliin taasisaniin rakkoo kanarraa dandamachuuf mootummaan Itoophiyaa deeggarsa idila addunyaa gaafachuus beeksisaniiru. Bara 2017, Itoophiyaatti naannolee balaa hongeen miidhamun gargaarsa atattamaa barbaada namoota miiliyoona 8.5 bayyanachiisuuf deeggarsi maallaqaa barbaachisu doolaara Ameeerikaa Biiliyoona 1.4 keessaa dhibbeentaan 80 kennamuun hojiin bayyanachiisuu gaariin hojjetameera jedhan Mr Maark. Haata'u malee ammas Hanqinni roobaa dhiibbaa 'La nina'n mudatu deeggarsi hanga bara darbee akka barbaachisu waan dirqisiisuuf qophiin dursee godhamuu qaba jechuunis dhaamaniiru. Rakkoolee deeggarsa ariifachiisaaf saaxilan xiqqeessuu akkasumas saaxilamtoota itti fufinsaan bayyanachiisuuf dhaabbanni biyyoota gamtoomanii kutaan deeggarsa namoomaa attattamaa, Sagantaa Misooma Dhaabatichaa waliin qinda'uun sagantaa haaraa 'New way of working' jedhu eegaleera.
oduu-45430400
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45430400
Itiyoo-Ertiraa: Itoophiyaan embaasii Asmaraatti cufamee ture bante
Itoophiyaan embaasii Ertiraatti cufamee ture bante. Imbaasiin kunis waldhabdee biyyoota lamaanii hordofee kan cufame ture.
Sagantaa kana irrattis Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) fi Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi qondaaltonni biyyoota lamaanii argamaniiru jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru. Torban muraasa dura Ertiraan Imbaasii Finfinneetti cufamee ture biyyoota lamaan gidduutti waligalteen taasifamuu isaa hordofee banuun ishii ni yaadatama. Ayirlaanditti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'un kan tajaajilaa turan Redwaan Huseen, Ertiraatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun ni tajaajilu.
oduu-46601715
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46601715
Dubartoonni turistoota Iskaandineviyaa lama Morookoo keessatti ajjeefamanii argaman
Dubartoonni turiistota Iskaandineeviyaa lama Morookoo gaarren Atilaas keessatti ajjeefamanii argamuu ministeerri dhimma biyya keessaa biyyattii himeera.
Reeffi dubartoota lamaanii gaarren Atilaas keessatti argame Morma isaaniirra madaan waan qara qabuun muramuu isaanii mul'isu jiras jedheera. Reeffi isaanii kan argame gaarren Atilaas magaalaa Imliil jedhamtu dhiyootti, tulluu guddicha Kaaba Afriikaa kan ta'e tulluu Toobkal jalatti. Dubartoonni lamaan biyyoota Denmaarkifi Norweey irraa akka ta'an himame maqaan adda hin baane. Sababa du'a isaanii baruuf poolisiin qorannaa eegaleera jedha ibsi ministeera dhimma biyya keessaa. Naannoon tulluu Toobkaal bakka turiistonni yeroo hedduu lafa dheeraa miilaan deemani. Qonnatti aansuun Morokoo keessatti kan carraa hojii bal'aa lammileef uumee jiru Turizimiidha.
oduu-54418116
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54418116
Dubartootaafi Barnoota: 'Dubartoonni milkaa'ina xixiqqaan dhaabbachuu hin qaban'- Ubaa Aadam (PhD)
Dhaabbilee barnoota ol'aanoo Itoophiyaa keessatti dubartoonni sadarkaa hoggansa olaanoorratti argaman lakkoofsaan baay'ee xiqqaadha.
Keessattuu sadarkaa pireezidaantummaa yuunivarsitootaatti dubartoonni muudaman hedduu xiqqoodha. Haata'u malee, yuunivarsiitonni biyyattii keessa jiran lama--Yuunivarsiitii Maqaleefi Yuuinvarsiitii Dirree Dawaa--gidduu kana pireezidaantota dubartootaa argataniiru. Isaan keessaa kan dhiyeenya Pireezidaantii Yuunivarsitii Dirree Dawaatti ta'an seenaa isaanii, bu'aa ba'ii keessa darban, gaggeessummaafi dubartummaa maal akka ta'eefi dhimmoota biroo irratti BBC waliin turtii taasisaniiru. Pireezidaantiin Yuunvarsitii Dirree Dawaa eenyu? Pireezidaantiin haaraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa kun maqaa isaaniin eegaluun akka itti aanu kanaan seenaa isaanii ibsu. Maqaan kiyya Ubaa Aadam jedhama. Godina Harargee Lixaa magaalaa Machaaratti dhaladheen guddadhe. Barnoota kiyya sadarkaa jalqabaa magaalaa Machaaraatti baradhee xumure, barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Galamsootti baradheen xumure. Qormaata Kutaa 12ffaatti qabxii ol'aanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti Muummee Saayinsii Hawaasaatti ramadame. Barnoota sadarkaa lammaffaa yeroon barataa turtetti barattuu Saayinsii Uumamaan ture. Ta'us garuu yeroon yunvarsiitti ramadamu Muummee Barnootaa Ikoonomiksiifi Biizinasii barachuu ture fedhiin kiyya. Yeroos biyyattii keessatti yunivarsiitileen jiran saddeeti qofaa turan. Anis Yunivarsiitii Finfinnee filannoo saddeetaffaarrattin guute. Fedhii kiyya kan ture yuunivarsiitiiwwaniifi muummee barnootaa tokkoo hamma sadiitti guute akka na gahuuf ture. Yeroos muummeen barnootaa barachaa ture fedhii kiyyaan ala waan tureef barnootas haalaan hin hordofu ture. Qabxiin kiyya seemisteera duraa gadi aanaa waan tureef erga seemisteera tokkoffaa baradhee booda wiizdiroo guuteen gara maatii kiyyaatti deebi'ee. Waggaa itti aanuu Yuunivarsiitii Siivil Sarviisitti qormaata seensaa qoramee waan darbeef; achirraa Muummee Barnootaa Akkaawuntiingiin digirii jalqabaatiin eebbifame. Digirii lammaffaa kiyya Muummee Barnootaa 'Business Administration' biyya Indiyaatti Seenteraal Yuunivarsiitii Oof Hayibarwaat jedhamuttin baradhe. Digirii sadaffaas achuma biyya Indiyaatti Yunvarsiitii Haandiraatti xumure. Attamiin Yunivarsiitii Dirree Dawaatti makaman? Erga digirii lammaffaa kiyya xumuree booda magaalaa Jigjigaatti Biiroo Qonnaa keessatti piroojektii Ifaa jedhamu keessatti oggummaa Akkaawuntaantii naannoo (regional accountant) ta'ee hojjachaa ture. ALItti bara 1999'tti Yuunivarsiitiin Dirree Dawaa namoota barbaadaa ture waan ta'eef boordiin Yuunivarsiitichaa na gaafannaan achi gale. Achittis pireezidaantii itti aantuu Misooma Bulchiinsaa (Administration Development) fi barsiistuu ta'een hojii eegale. Yuuinvarsitii Dirree Dawaa kanan dhufee digirii sadaffaa kiyya baradhee waraqaa eebbaa kiyya erga galchee ture. Yeroo sanitti dippaartimantiin keenya digirii lammaffaa barsiisuu eegalee waan tureef achumatti hojiitti deebi'e. A L I bara 2010'tti itti aantuu pireezidaantii ta'ee osoo hojjachaa jiruti, gitni hojii Dhimmoota Akkaadaamiksii (Academic Affairs) irratti beeksisni waan baheef itti aantuu Dhimmoota Akkaamdaamiksii ta'ee waggaa tokkoofi ji'oota jahaaf hojjachaa kan ture. Achi booda rakkina Yuunivarsiiticha keessatti mudateen tarkaanfii pireezidaantiifi hooggantoota biroorratti fudhatameen pireezidaantii yeroo (Acting president) ta'ee ji'oota saddeetiif hojjadheera. Bakki pireezidaantummaa banaa waan tureef beeksifni baanaan dorgomee pireezidaantii guutuu Yunvarsiitichaa ta'ee muudame. Dhimmi biroo pireezidaantii akkan ta'uuf sababa anaaf ta'e wanta bara darbe mudateedha. Gama biraatiin Yunvarsiiticha keessatti waggoota baay'ee waan tureefi fedhii Yunvarsiiticha jijjiiruuf qaburraa kan dhufedha. Yeroon dorgommicha mo'achuu kiyya dhagahu baay'ee gammade. Yeroo ani gara hooggansa Yuunivarsiitichatti dhufu Yuunivarsiitichi rakkoo guddaa keessa ture. Yeroo sanitti haala jiru sirreessuuf qophii guddaa taasisutu nurraa eegama ture. Yeroo sanittis barattoonnis gara manasaanitti deebi'anii ture. Rakkoo kana furuuf hooggantoota ana waliinii jiraniifi hawaasa yunvarsiiti waliin ta'uun hojii guddaa hojjachaa turre. Nutis hojii jabaannee hojjanneen barattoonnis gara barnootasaanitti deebisnee turre ta'us garuu ammatti sababa Covid-19n barnoonni waan hin jirreef barattoonnis maatiisaanii bira jiru. Ammas erga weerarri Covid-19 uumamee boodas akka barattoonni keenya barnootatti deebi'aniif hojii guddaa hojjachaa jirra. Itti-gaafatamummaa maatiifi hojii yuunivarsiitii Ani pireezidaantii Yuuinvarsiitii Dirree Dawaa haata'u malee, haadha ijoollee sadiitis. Ijoolleen kiyya ammatti guddataniiru waan ta'eef manatti baay'ee hin rakkadhu. Manatti abbaan warraa haadha warraasaa gargaara ta'us hojiileen haadha warraa eeggatan ni jiraatu. Yeroo hunda ammoo manattillee hin rakkattu waan ta'eef itti-gaafatamummaa manaafi hojii waajjiraas walsimsisaan hojjadha. Mana keessatti wanti hundi akka haadhatti hin hojjatamu; gama waajjiraanis ati hooggantuu taatee wanti hundi akka keetti sii hin hojjatamu. Kanaafuu itti-gaafatamummaa gama lamaaniinuu jiru wal maddiitti ofuun ni danda'ama. Itoophiyaa keessatti yeroo baay'ee dubartoota hoggansa dhaabbilee barnoota ol'aanoo irratti hin mul'atan, kanaaf ammoo wantoonni sababa ta'an heddutu jiru. Tokkoffaan, dubartoonni haala mijaawaa (comfort zone) keessa jiran keessaa bahuu hin barbaadan yookiin hojii ofitti baay'isuu hin fedhan. Dhaabileen barnoota ol'aanoo of keessatti tajaajiloota akka ciisichaa, nyaataa, fayyaa barattootaa, baruufi barsiisuu, qorannoo, tajaajila hawaasaafi isaan kaan of keessatti qabata, inni ammoo hojii bal'aadha waan ta'eef jabina gaafata. Ani akka kiyyaatti, itti-gaafatamummaa kanneen irraa of fageessuutu mul'ata jedha. Yunvarsiitii keessatti barsiistuu/saa ta'uun hagas mara hin ulfaatu, waan barsiisturratti qophooftee dhaqxee barsiistee ofirraa galta. Hojii hooggansaa keessatti garuu hojii heddutu si eeggata waan ta'ee, keessumaayyuu dubartoonni itti-gaafatamummaa kanarraa fedhii yookiin hamilee waan hin qabneef ni dheessu. Gama biraatiin ilaalchi hawaasa keessa jiru sababa isa biraati. Dhiironni hamilee dubartootaa cabsanillee ni jiru. Kun akkuma jirutti jabaatanii dandeettii ofii mul'isuun barbaachisaadha. Karoora gara fuulduraafi dhaamsa Ani yeroo ammaatti Yunvarsiitii Dirree Dhawaa keessatti Gargaartuu Piroofeesaraati, kaayyoon kiyyas hojiillee qorannoo adda addaa hojjadhee piroofeesara guutuu ta'uudha. Yeroo dheeraaf pireezidaantii ta'ee itti fufuuf karoora hin qabu. Gama baruufi barsiistutti deebi'ee, qorannoo hojjadhee itti fufuun barbaada. Dubartoonni hojiinsaanii ifa bahee beekamtii argachuu baatullee hojiinsaan hojjatan kan laakka'amu miti. Dubartoonni hojiilee adda addaa keessatti hirmaatan bakka wayii yoo gahan, wanni argatan sun na gaha jedhanii dhaabbachuu hin qaban. Nuti dubartoonni yoo cimnee hojjanne rakkoo hawaasaa hedduu hiikuu dandeenya. Ani akka kiyyaatti dubartii dhiiraa ol hojjachuu dandeetti jedheen amana. Dubartoonni wantoonni xixiqqoon argatan nu gaha jedhanii waan guddaa kaayyeffachuufi hojjachuurraa of qusachuu hin qaban. Dubartii Maqaashee qofa akka barattuuf ergamuun kan hanga digirii sadaffaa barrattee Itt- gaafatamummaa maatiifi waajjiraallee wal maddii oofaa kaayyoo kaayyeffanne galmaan gahuu waan dandeenyuuf waan xixiqqaadhaan kun nuuf gaha jennee dhaabbachuu hin qabnu.
oduu-42483927
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42483927
Gatii paaspoortii doolaara miliyoonaan
Qaamaafi qalbiin jeeqamtee sagalee hasaasuurra hin jirreen kan hafuura baafattu, Amar Al-Sadii Maaltaan dho'insa boombii, haleellaa meeshaa waraanaa biroofi dhibee hammaataarraa akka ishee baraare dubbatti.
Maatiinshee waggaa lama dura sagantaa lubbuu baraaruu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mijeesseen Yamanii baqatanii bahan. ''Eenyuyyuu addunyaarratti haala sanaan ni jiraata jedhee hin yaadu,'' jette. ''Guyyaa tokko utuma rafnuu sagalee dho'iinsa boombii haalaan guddaa ta'e dhageenye. Dhugaadha, baayyee nama sodaachisa. Hiriyoonni koo ammallee Yaman jiru. Ummanni akka dhibee koleeraatiin dhumaa jiran natti himan. Baayyeensaanii achii ba'uuf yoo yaadanis ammatti namni paaspoortiisaanii keessummeessuuf waan hin jirreef hin dandeenye.'' Amar yookii baqattuu Maaltaa yookiimmoo diinagdee barbaacha kan godaante miti. Shamarreen umurii 21, maatiinsheefi obboloonnishee afur amma lammii Maaltaa ta'aniiru. Jarri kun Maaltaatti hin dhalanne, maatii Maaltaa keessaas hin qaban. Kanaaf, akkamiin paaspoortii biyya Maaltaa argatu? Paaspoortii biyya Maaltaa bituuf Yuuroo 880,000 gaafata Isaanis akkuma kumoonni hedduun erga Maaltaan bara 2014 irraa eegaltee paaspoortii gurguruu eegaltee bitachaa jiran kan mataasaanii bitataniiru. Daldala paaspoortii Sagantaan eeyyama jireenyaa biyya Maaltaa akka biyyoota biroo osoo hin taane namoota iyyannoo sirrii milkiin galfataniif lammummaa guutuu kenna. Kaffaltiinsaas doolaara Ameerkaa miiliyoona tokkorraa jalqabee hammuma lakkoobsi maatii dabaluun dabalaa deema. Tokko sadaffaan maallaqa kanaa kan hin deebine yoo ta'u, innis Fandii Hawaasummaafi Misoomaa Biyyaalessaa biyya Maaltaaf kan barnoota, fayyaafi carraa hojii uumuurratti hojjetuuf oola. Kan hafemmoo misooma mootummaan waadaa galeefi gatii mana kiraa waggoota shaniitiif oola. Biyyi paaspoortiin itti gurguramu Maaltaa qofa miti Oddolli Kaaribiyaa St Kiitsiifi Neviis bara 1984 irraa eegalanii lammummaa maallaqaan kennaa turan, garuu bara 2011 irraa eegalanii biyyoonni akka Awustiriyaa, Bulgaariyaa, Hangaariifi Saayippiras faa sagantaa lammummaa maallaqaan kennuu kan mataasaanii eegalan. ''Kun imaammata eegumsa lammiilee kan jaarraa 21ffaati,'' akka hogganaan Karoora Eeyyama Jireenyaafi Lammummaa Kiritiyaan Kaayeliin jedhetti. Akkanni jedhetti gochi akkanaa baayyee babal'achaatii jira, gama tokkoon mootummaan akka madda galiitti waan fayyadamuuf, gama biraanimmoo goolamni siyaasaa waan heddummaateef, keessumaa biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti. Dureeyyoonni hookkara siyaasaa jalaa bahuuf carraa kanatti fayyadamuu danda'u. Rakkoo siyaasaatiin alattis namoonni carraa diinagdee ijoolleesaaniif banuuf jecha paaspoortii ni fayyadamu. ''Yeroo tokko tokko biyyaa gara biyyaatti socho'uu carraa gaarii barbaaduuf jecha fayyadamna. Maamila Ameerkaa jiru garuu carraa hojjechuu Xaaliyaaniifi Nezerlaandisii qabu qabaachuu dandeenya,'' jedha Obbo Kaayeliin. Maaltaan miseensa Gamtaa Awurooppaafi Zoonii paaspoortii bilisaa, Shengenidha ''Biyyoota lameen keessatti eeyyama hojii barbaachisuun ni danda'a. Maaltaa keessatti al takkaa lammummaa argannaan eyyama hojiifi waan biraa hin gaafatamu,''jechuun dubbataniiru Obbo Kaayeliin. Kun kan ta'eef, Maaltaan Gamtaa Awurooppaa keessa kan jirtu, kutaanshee gar-tokkeen Naannawa Shengen, paaspoortii bilisaa eyyamuun biyyoota Gamtichaa keessa akka fedhetti namuu akka deemu mijataadha. Iddoon kun bakka saganticha haalaan hojiirra ooleedha. Erga filannoo Brexit gaaffiin Biriiteenirraa dhiyaataa jiru dabaleera, garuu hanga ammaa homtuu hin fudhatamne. ''Gamtaa Awurooppaa waliin ta'uun UKf haalli akka mijatu ifaadha,'' jedhan Obbo Kaayeliin. '' Utuu namni Biriiteen tokko natti dhufee paaspoortii biyya Maaltaan bituu barbaada naan jedhee, lakki, dagadhun jedhaan, basha'i sirriitti.'' Sagantaa lammummaa kennuu biyya Maaltaa baayyee beekamaadha sababni isaas si'ataafi rakasa waan ta'eef. Iyyattoonni yeroo baayyee paaspoortiisaanii ji'oota 12 hanga 18 keessatti argatu. Meeshaalee barbaachisan Sagantichi iyyattoonni meeshaalee yuuroo 350,00tti tilmaaman yookiin waggaa shanitti yoo xiqqaate yuuroo 16,000 kaffaluun akka mana kireeffatan gaafata. Dhibbeentaa 80n kiraa manaa filatu, garuu meeshaalee hedduun waan hafaniif namoonni biyya Maaltaa akka fedhii warra paaspoortii bitatanii gaafatan dirqamsiiseera. ''Biiliyeenaroonni kunneen Maaltaa keessa jiraachuuf fedhii hin qaban, carraa Gamtaa Awurooppaa keessa deemuu baraadu,'' jedha gaazeexeesaan Maaltaa Daafnii Karuwaanaa Gaaliziyaa. ''As jiraachuuf tarii fedhii hin qabaatan ta'a, yoo as jiraachuu barbaadan garuu mana bitachuu danda'u.'' Akka Baankiin Giddugaleessaa biyya Maaltaa jedhuttimmoo sagantaa eeyyama lamummaa kennuu kun Maaltaa keessatti gatii kiraa waggaan hanga dhibbeentaa 7 akka dabalu akkasumas manneen kireeffaman waggaatti dhibbeentaa 10n akka dabalan taasiseera. Joonaataan Kardoonaa, Hogganaa Olaanaan dhimma Lammummaa Maaltaa, kan saganticha gaggeessan, carraan Gamtaa Awurooppaa gurgurtaa Paaspoortii Maaltaaf murteessaadha kan jedhurratti walii gala, garuummoo Maaltaan mataasheetti of dandeessee paaspoortii akka gurgurtus yaada kenneera. ''Nama yuuroo miiliyoona 70 Maaltaa keessatti investi godhe nan beeka.Tokkommoo warshaa qorichaa banuuf karaarra jira. Kan biraammoo kampaanii IT baneera. Heddunsaanii kan fedhii hin qabnes jiru, garuummoo yeroo gabaabaa keessatti maaltu akka ta'u himuun nama rakkisa.'' Sagantaan kenniinsa lammummaa Maaltaa diinagdee biyyattii keessatti ga'ee gumaachaara, jedhe Joonaataan Kaardoonaa Obbo Kaardoonaan faayidaa maallaqa iyyattoonni arjoomanii qaaccessuutti jiru. Kun amma walii galatti yuuroo miiliyoona 220 ol ta'eera, galiin walii galaa biyyattii dhibbeentaa 2.5 jechuudha. ''Sababii qabeenyasaaniifi jiruufi jireennyasaanii fooyyeffachuuf wana hojjetan jiruuf carraa kanatti sirriitti fayyadamuu qabna,'' jedhan. ''Godaantonni diinagdeef godaanan biroon ragaa jireenyaa tokko malee yoo dhufanillee eessaa akka dhufaniifi afaan kam akka dubbatanillee hin gaafannu.'' Falmii lammummaa Garuu, baayyotaaf lamuummaan miseesummaarra waan jirudha. ''Paaspoortiin silaa waan gurguramu ta'uun irra hin turre, kan ati itti waamamtudha, qaama DNA keeti,'' jetti Heelgaa Eluul, kan Jarmanitti dhalattee garuummoo waggoota 40f Maaltaa keessa jiraatte. Gara odolattii kanaa imaluun namoota 1,000f carraa hojii uumteetti. Ijoollee lamaafi ijoollee akkooshee ta'an amma kana kan qabdu waggaa 15 dura iyyattee baasii tokko malee eyyamma lammummaa biyya Maaltaa argatte. ''Yeroon murteessetti an nama biyya kanaan ta'a jedheen yaadee ture, kanaafan murteessee asitti hafe. Amma asii hiriyoota heddun qaba, baayyee beekameera asitti ,ammatuu waayee koo warra Maaltaa gaafattee sirriitti akkan galii argadhu sitti himu.'' Heelgaa Eluul warra Maaltaa ta'uuf jecha lammummaashee Jarman dhiiste Garuummoo akka lammummaa argachuuf mirgi barbaannu maali? Kanaan booda maatii keenyarraa arganna, carraadhaan. Javiyer Hidalgoo, Varjiiniyaa, Yuuniversitii Riichmoondi keessatti qorataan siyaasaa, lammummaan maalaaqaan waan argamu miti, si'a tokko tokko lammummaa biyya lamaa qabaachuun akka meeshaatti yeroo gurguraman ni jiraata jedheera. ''Waa'ee dhowwamuu godaansaa kan gaafannu yoo ta'ee, waa'ee gurgurtaa lammummaas gaafachuun keenya hin hafu. Sababni isaa namootaaf bilisaan lammummaa kennuun dirqama akka ta'etti waan yaadnuuf. Garuu biyyoonni hedduun godaantota dhorguuf fedhii qabu. Yoo kana ta'e , gurguruunimmoo maaliif rakkoo hin qabaaturee? ''Qoollifannaa lammiileef qophoofte jechuudha. Warra qoollifatte sanaaf maaliif tolaan lammummaa hin kennine?'' Daldala Addunyaa Amar Al-Sadiifi maatiinshee manasaanii kan biyya Maaltaa jiru, obbolootashee waliinis barachaa jiru. Akkasheen jettutti jireenyi biyya Maaltaa kan itti toleefi ollaasheetiin kan jaallatamte, hiriyoota hedduus akka horatteedha. ''Garuu hundinuu akka keenya carroomaniiru jedhee hin yaadu, dhugumatti nama gaddisiisa.''
oduu-44135738
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44135738
Nama waggaa 250 ol itti murtaa'e
Namichi Afriikaa Kibbaa yakka gudeeduufi yaalii ajjeechaa irra deddeebiin raawwate tokko murtee hidhaa umurii guutuu 25 ol itti murtaa'e.
Nama ganna 26 kan ta'e Shadiraak Xidaadaa Chookee yakka gudeeduu 23fi ajjeechaa yaalii 2, walumaagalatti yakkoota 25 ittiin himatame hunda hidhaa umurii guutuun akka adabamu kan murtaa'e. Hidhaan umurii guutuu yakkoota 25 kanaas ida'amee waggoota 254 ta'eera. Namtichi yakkoota kan raawwate bara 2012-2014 gidduutti. Mana dubartoota gudeeduu cabsee seenee, miseensota maatii reebuun wayita inni gudeedu akka ilaalaan dirqisiisa. Mudde 2015 dubartii tokko gudeedee, eeruu dubartii sanaan baatii sadi booda to'annoo poolisii jala oole. Poolisiin biyyattii oduu kana fuula Tiwiitarii isaaniirratti uummataaf qoodaniiru.
oduu-55001247
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55001247
Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Pireezidantiin Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'eel eenyu?
Lola waraanaa mootummaa federaalaa fi Naannoo Tigraayi gidduutti gaggeeffamaa jiruun, naannichaa fi paartii naannicha bulchu kan dursan pireezidantiin naannichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'eel (PhD), lola kana keessatti maqaawwan guddoo kahan keessaa isaan tokko. Dabratsiyoon GabraMikaa'el eenyu?
Bara Dargii riphee lolaa TPLF wayita turanitti, Dabratsiyoon sirna qunnamtii loltoota Dargii jaam gochuu (butuun) beekamu. Haadha warraa isaanii waliin daa'ima tokko kan godhatan Dabratsiyoon, umrii isaanii harka hedduu miseensa TPLF ta'uun dabarsan. Barnoota isaanii Yunivarsiitii Finfinnee bara 1970'oota keessa adda kutuun waraana waggoota 17 sirna Dargii ilaalcha Maarksiin (Marxist) biyya bulchu kan hoogganan Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaam lolaa turan. Hiriyyaafi jaala qabsoo Dabratsiyoon kan ta'an obbo Alamaayyoo Gazzaahenyi, gaarreen walxaxoo Tigraay irratti leenjii loltummaa isaanii erga xumuranii booda, dandeettii teeknikaa jaala isaanii waan beekaniif, ajajootni TPLF Dabratsiyoniin garee teeknikaatti akka ramadan yaada dhiyeessan. Akka Obbo Alamaayyoon jedhanitti gareen sun nama of qusataa garuummoo qaroo fi ''mucaa magaalaa'' kan magaalaa Shiree amma humnootni mootummaa federaalaa to'atanitti guddate Dabratsiyooniif bakka maluudha. Maatii Ortodoksiirraa kan dhalatan hogganaan naannoo Tigraay kun, hiikni maqaa isaanii ''Gaara Tsiyoon'' jechuu yoo ta'u, maqaan abbaa isaanii GabraMikaa'eel jechuun ammoo ''tajaajilaa ergamaa Mikaa'eel'' akka jechuuti. ''Yeroo sadarkaa tokkoffaa barachaa ture, dhagaa baatirii, raadiyoofi meeshaalee elektirikaa walitti qabee supha ture. Yeroo magaala keenya keessatti namni tokkollee ifa elektiriikii hin qabnetti, sibilootuma gaggatamanirraa ibsaa ofii hojjeteera,'' jedhu hiriyyaan isaa obbo Alamaayyoon. Dabratsiyoon ''garee teeknikaa'' TPLF keessatti gahumsi isaanii cimee, dhaabni isaanii humna waranaa Itoophiyaa yeroo sanii jalaa odeeffannoo hatuuf dandeettii basaasaa haasaa raadiyoo isaanii 'jaam' godhuu akka horatu gahee guddaa bahan. ''Kun bilisa baastootni TPLF odeeffannoo sochii diinaa dursanii akka qabaatan gochuun, akkasumas 'jaam' waan godhamaniif, yeroo haleelamanittis waliin haasa'uu waan hin dandeenyeef akka injifannu gargaareera,'' jedhu obbo Alamaayyoon. Ogummaa isaanii kana gabbisuuf Dabratsiyoon paaspoortii sobaan gara Xaaliyaanitti imalanii kan turan yoo ta'u, yeroo deebi'anittis sagalee qabsoo TPLF kan ta'e Dimitsi Wayyaanee (hiika ''sagalee warraaqsaa'' jedhu qabu) hundeessan. Dimitsi Wayyaaneen yeroo duraatiif Afaan Tigriffaan tamsaasa yeroo eegalu saba Tigraayiif madda ofiin boonuu isaanii ture. Riphee lolaa TPLF kan biroon Me'ishoo Gabrakidaan, galgala erga dukkanaa'ee yeroo basaastotni sirnichaa nama adda baasuuf rakkatanitti, Dabratsiyoon waliin gaarrenitti bahanii anteenaa fannisaa akka turan yaadatu. ''Galgala tokko gaara tokkorraa sigigaate. Anaafi jaalakoo biraa tokkotu isa baraare. Yeroo hunda osoo baraaramuu baatee, raadiyoon kun ni ijaarama turee? jedheen yaada'' jedhu obbo Me'ishoon. Amma Dimitsi Wayyaaneen sabaa-himaa afaan hedduun akkasumas waltajjiiwwan garaagaraan magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti waajira muummee qaburraa ejjennoo TPLF lola mootummaa federaalaa waliin gaggeessurratti qabu tamsaasa. Sabaa-himaan kun qeeqa hamaa MM Abiyyirratti dhiyaatu tamsaasa. Mootummaa Federaalaan ugguramus (jaam), guyyaa itti aanu qilleensarratti deebi'eera. Gara jalqabaa Dabratsiyoniifi Abiy kan hiriyooman fakkaatu ture. Gaheessi ganna 42 Abiy Ahimad, Ministira Muummee Afrikaatti isa umrii xiqqaa ta'uun bara 2018'tti aangoo yeroo qabatu, hoogganaan Tigraay Dabratsiyoon magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti simannaa ho'a qopheessaniif. ''Tigraay bakka seenaan biyya kanaa itti tolfameedha, naannoo weerartootni alaa (Xaaliyaaniifi Masrii dabalatee) mo'amanii itti qaana'aniidha. Itoophiyaa ammayyaa keessattis gadameessa Itoophiyaati,'' jedhan MM Abiy Maqaleetti haasaa taasisaniin. Dabratsiyonis gama isaaniin waraana daangaa Ertiraafi Itoophiyaatti bara 1998-2000 lolameefi biyyoota lamaan gidduu haala miiraa waraanaa qabu sana booda ture, nagaan xumuruuf duula araaraa Abiy, Pireezidant Isaayyaas Afawarqii waliin eegalan dinqisiifataniiru. ''(Abiy) Eertiraatti imalee Isaayyaas waliin wal arge. Kuni waggoota hedduuf waan yaalamu hin turre. Waan guddaadha sababni isaas biyyoota lamaaniifuu carraa akkaan guddaa kenna,'' jedhan Dabratsiyoon yeroo sanitti. Haalli jaala walii ta'uu isaanii agarsiisu sun garuu muddama lamaan isaanii gidduutti lafa qabachaa jiru haguugee ture. 'Ati bilchina hin qabdu. Kaadhimamaa sirrii miti jedhee itti himeera' ADWUI keessatti filannoo MM bara 2018'tti gaggeeffameen Dabratsiyoon kaadhimamanii kan turan ta'us Abiyyin injifataman. '''Ati bilchina hin qabdu. Kaadhimamaa sirrii miti' jedhee itti himeera,'' jechuun Abiyyitti dubbachuu, Dabratsiyoon bara 2019'tti barruu biyya UK Financial Times jedhamutti himaniiru. Haata'uutii dhaaba erga Dargiin kufee waggoota 27 Itoophiyaa bulche keessatti, TPLF fakkeenya cunqursaafi malaammaltummaa waan tureef Dabratsiyoniin filachuu dhiisuun raajii hin turre. Mootummaa keessatti ilaalchi Dabratsiyoon irratti jiru walmakaadha. Warri isaan qeeqan bara 1990'oota keessa wayita hoogganaa itti aanaa waajira Tikaa turan, hoogganoota dhaaba mormituu basaasuun, kanneen morman cabsuuf gargaaraa turan jedhu. Kanneen isaan jajan ammoo bara Ministira Kominikeeshiniifi Teeknoolojii Odeeffannoo turan, bu'uuraalee telekominikeeshinii Itoophiyaa hammayyeessuuf hojiilee hojjetan irratti xiyyeeffatu. Doolaara biiliyoona hedduutti piroojektii shallagamuun Itoophiyaa keessatti fayyadama bilbila moobaayilaa babal'isaniiru. Haa ta'uutii mootummaatu olaantummaan to'ata. Dhaabbatni teelekoomii Itoophiyaas yeroo hedduu mormii mootummaa balaaleffatu qabbaneessuuf intarneeta cufuun komatama. ''Pirojeektiiwwan bu'uuraalee humna ibsaa fi telekomii isaan hoogganamaa turan. Paarkiin IT magaalaa Finfinnee keessa jiru yaada inni kaaseen hundaa'e. Gidduugala saayinsii Hawaa isatu jalqabsiise. Piroojektoota mootummaan hoogganu hedduu keessaa gahee qaba,'' jedhu Gidduu gala Imaammata hawaasaa Ameerikaa keessatti argamutti ogeessa kan ta'an obbo Daadee Destaa. 'Nuti misooma malee, waraana hin barbaannu' TPLF fi Abiy daandiin isaanii gargar kan bahe yeroo MM Abiy dhaaba Adda Dimookraatawaa Warraaqsa Uummatoota Itoophiyaa (EPRDF) kan dhaabbileen sabummaan gurmaa'an walitti dhufanii ijaaran diiguun, bara 2019'tti dhaaba Badhaadhinaa ijaaraniidha. Aangoo mootummaa Federaalaa dhiisanii gara naannoo Tigraay akka nama jijjiramaatti isaan fudhatutti erga deebi'aniis, Qaammee darbe dhaabbilee nannicha keessatti socho'an afur waliin yaada mootummaa federaalaa diduun filannoo gaggeesaniiru. ''Balballi koo nama kamiifuu banaadha,'' jedhu yeroo hedduu. ''Nuti misooma malee, waraana hin barbaannu'' jechi jedhus jecha yeroo hedduu Dabratsiyoon itti fayyadamaniidha. Haata'uutii amma lola lubbuu namoota dhibbaan lakkaawamanii gaaga'eefi 30,000 ol biyya ollaa Sudaatti godaansise gidduu jiru. Akka ragaan UN jedhutti naannolee Itoophiyaa kamuu caala naannoo hiyyummaan itti jabaate kanatti, lola kanaan gamoofi daandii dabalatee bu'uraaleen misoomaa barbaachisoon miidhamaniiru. ''Dabratsiyoon waraana kana akka abaarsaatti ilaalu'' jedhan obbo Daadeen. Ta'us garuu TPLF ''yaalii Abiy Tigraay keessatti bulchiinsa haaraa ijaaruuf gochu jabaatanii ofirraa qolatu'' abdii jedhu qabu Daadeen. ''Waraana Eertiraa akkasumas kan Dargii kuffisuuf godhame keessa turan. Kanaaf muuxannoo qabu. Uumama isaatiin waraanni fedha uummata hirmaatuu barbaada, Kunimmoo Tigraay keessa jira,'' jechuun obbo Daadeen lolli kun yeroo dheeraaf itti fufuu akka malu akeekan. MM Abiy garuu waraana kana akka injifataniifi hoogganoota TPLF fi waraanaa seera dura akka dhaaban amantaa qabu.
oduu-54536057
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54536057
Lammiin Itoophiyaa waggoota 45f xiyyaara balaliisan maal himu?
Kaappiteen Taasfaay Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti kutaa balaliinsaatti hoogganaa tahuun waggaa shan tajaajilaniiru.
Abbaan nama kanaa bara Mooticha Haayilasillaasee keessa, Ministeera Maallaqaatti, shuumii galii biyya keessaa (taayitaa akka barasanaatti - Bajiroond) waan turaniif, barnootasaanii iddoo garagaraatti hordofan. Magaalaa Maayicaw keessatti kan dhalatan Kaappiten Tasfaay, barnootasaanii sadarkaa jalqabaa Tambeeniifi Maqaleetti barataniiru. Barnoota sadarkaa lammeessoo ammoo, mana barumsaa Atsee Yohaanisitti baratan. Qormaata biyyoleessaa sadarkaa lammaffaan qabxii gaarii waan fidaniif, ALI 1966tti gara Finfinnee qajeelan. Waytiin sun Mootii Haayilasillaasee barcuma isaaniirraa bu'anii, mootummaa waraanaa yeroof jedhameen kan bakka bu'anii ture. Haalichis tasgabbaa'aa waan hin turref, obboleessa isaanii wajjin mana keessa oolaa akka turan yaadatu. Gaaf tokko gurbaan ollaa tokko beeksisa 'paayiletii tahuuf warri leenjii fudhachuu barbaaddan galmaa'aa' jedhu arguu itti hime. Wayita sanatti barataa kan turan Tasfaay garuu, baayyee gammadoo hinturre. Tahus, taa'ee ooluurra, maaliif hin yaalu jechuun galmaa'uusaanii yaadatu. Bara sanattis dargaggoota leenjii fudhachuuf galmaa'an 800 keessaa, qormaata fudhachuun dargaggoonni saddeet dabran. Isaan keessaas Tasfaay isa tokko turan. Hojiisaanii Daandii Qilleensaa Itoophiyaas haala kanaan eegalan. Kaappiteen Tasfaay wayita hojii jalqaban, xiyyaarota Waraana Addunyaa Lammaffaarraa hafan 'Douglas DC-3 yookaan Daakotaa jedhaman balaliisuu eegaluusaanii yaadatu. Balaliisaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaatti qacaramee hojii eegalu, waggaa tokkoof gargaaraa balaliisaa tahuun hojjechuu waan qabuuf, gargaaraa tahuun tajaajilaniiru. Kaappiteen Tasfaay, wayita ammaatti xiyyaara ammayyawaadha jedhaman Booying 777 kan balaliisan, dhaabbatichatti paayiletii gameessadha. Itoophiyaatti ganna 45f xiyyaara balaliisuun morkataa kan hinqabne, kaappiteen Tasfaay Ambaayee. 'Xiyyaarri qilleensarra akkamiin balali'a?' Xiyyaarri nama fe'ee akkamiin qilleensa keessa balali'a? gaaffii jedhu kaasuun ijoolleen ollaa morkii qabatan. Inni tokko baallee yookaan kochoon deeggaramee balali'a jedha. Kaan ammo mootoraan deeggarameetu balali'a jechuun morma. Achis maaliif jaarsa eegduu tahan kana hin gaafannu jechuun, waan irratti walmormaa jiran jaarsichaaf itti himan. Eenyu sirrii akka tahes, murtoo akka itti kennan gaafatan. Akka tasaa tahee jaarsi kun nama 'waan hundaan beeka' jedhan waan turaniif, hundi keessan dogongortaniittu jechuun deebii biraa kennaniif. Seexanoota lamatu jira. Inni tokko kan lafarraafi inni biraa kan waaqarraa jedhamu. Seexanni lafarra jiru xiyyaarittii fiigsee lafaa kaasuun, seexana isa waaqarra jiruuf 'qabikaa' jechuun dabarsee kenna. Seexannichi inni samirraa xiyyaara fuudhee balali'uun, yeroo qubachuuf geessuu 'qabikaa' jechuun isa kan lafarraaf deebisee kennaaf. Maanguddoon kunis 'deebiinsaa kanadha. Waan hin beekne hin borcinaa,'' jedhaniin. Kaappiteen Tasfaay gaafa kana dhagayan seequu isaanii dubbatu. Waanti guddaan xiyyaarri akka samii keessa rakkoo tokko malee balali'uu isa dandeessisu, motoraafi 'Eroo daayinaamikii' baalleesaarra jirudha jechuun gabaabumatti ibsan Kaappiten Tasfaay. Ganna 45 samii gubbaa Ammaan dura dambii Daandii Xiyyaara Itoophiyaatiin kaappiteenni tokko ganna 60 oggaa guutu, soorama bahaayyu. Amma garuu gara 65tti olguddachuu dubbatu. Haala kanaanis ALI ji'a Onkololeessaa kana keessa soorama bahu. Waggoota 45f osoo addaan hin kutin balaliisuu kan dubbatan kaappiteenni kun, sa'aatii 27,000 kan balaliisan yogguu tahu, biyyoota 100 ol tahanis gahaniiru. 'Umurii kootiin olitti, umurii nama biraa jiraachaa akkan jirutti natti dhagayama. Sababnisaas, namni tokko umuriisaa keessatti, waantota murtaa'an qofadha gochuu kan dandayu. Ani garuu, wantoota hedduu waanin argeef, umurii naaf heeyyamame olitti akkan jiraadhettin lakkaa'a,'' jedhu kaappiten Tasfaay. Yeroo tokko tokko guddinna Itoophiyaan waggaa 50n booda bira geessu, biyyoota kaanitti waan arganiif, miirri ''namootni biyya keessa jiran arguusaanii dursee argeera,'' jedhu akka itti dhagahamu dubbatu. Balaliinsa ganna 45 keessatti rakkooleen hedduu mudatus, balaan guddaa hagana jedhamu irra hin qaqqabne. Inumaawuu, warra carra-qabeessa tahan keessaa isa tokko jedhanii akka yaadan BBCtti himan. Motorri xiyyaaraa tokkichi baduun waanuma baramedha Gaaf tokko kappiten Tasfaay xiyyaara balaliisuu eegalanii daqiiqaa torbatti, zayita motoraa keessatti ho'a uumameen, zayitni hirdhate. Gargaaraan isaanii kana hubatanis, kaappiteenichatti gabaasa godhan. Achi boodas, ibsaan akeekkachiisaa diimaan ifuusaatiin dura, motoricha dhaamsan. Motora lama keessa tokko dhaamnaan balalii itti fufuun hin dandayamu. Battaluma sanatti xiyyaricha deebisanii qubachiisuun, lubbuu namoota hedduu oolchaniiru. ''Balaliirra yoo motorri bade salphaatti hiikama. Battala xiyyaarri osoo kahaa jiruu yoo motorri dhaame garuu rakkoo guddaadha. Xiyyaarichi ka'uusaatiin dura battala 'ka'uufi turuu' jedhamurratti motorri dhaamnaan, deemsa dhaabuun waan hin danda'amnedha. Xiyyaarichi dirqama ka'uu qaba. Ka'ee garuu itti hin fufu. Saffisaan naanna'ee qubachuudha qaba. Taateen akkasii garuu yeroo baayyee hin mudatu,'' jechuun ibsu. Yeroo ammaa konkolaataa oofuurra xiyyaara balaliisuun nageenyaan amansiisaadha. ''Xiyyaara keessa nageenyikee irra caalaatti kan eegamedha,'' jedhu kaappiten Tasfaay. Balaliisaan xiyyaaraa naamusa eeggachuu qaba. Araada kamirraayyuu bilisa kan tahe, haalli nyaataasa sirnaan kan tahe, hirriiba gahaa kan rafuufi sochii qaamaa kan taasisu tahuu qaba. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa ammoo ''naamusarratti qoosaa hin beeku,'' jedhu. Dhaabbati kun, inni waan gaarii hojjetu kan itti jajjabeeffamuufi itti guddatu, kan balleesse ammoo mamii tokko malee kan itti adabamu akka tahe dubbisaaniirraa hubanneerra. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balaawwan hedduu kan hin mudanneefi namoonni baayyeenis nageenyaaf kan isa filatan tahuu ni dubbatama. Kanaafis sababni inni olaanaa, naamusa gaarii hojjettoota dhaabbatichaa akka tahe kaappiteenichi ni dubbatu. Namni gameessi kun akkuma yeroo gaarii dabarsan, yeroo gaddaas dabarsaniiru. Keessattuu namoota butaniin Odola Komoroositti xiyyaara kufe, akkasumas balaa Kuweetitti qaqqabe ni yaadatu. Isaan kanaa ol garuu dhiyeenya kana Bishooftutti xiyyaara kufee caccabe yaadatu. Keessattuu balaliistonni haalli ittiin to'atan jiraachuu dhabuun gaddi guddaa itti dhagahamuu dubbatu. Kaappiteeniin xiyyaaricha balaliisaa ture isaan wajjin gargaaraa ta'ee hojjechaa akka ture kaasuun ''dargaggoo cimaafi abdii guddaa nama qabu ture,'' jechuun ibsu. 'Boombeetti walagarra' Kaappiteen Tasfaay xiyyarasaanii Buufata Idil-addunyaa Booleerraa kaasanii, gara Mumbaay (dura Boombeey kan jedhamu) Indiyaa qajeelaa turan. Imaltoonni hedduun lammilee Afrikaa Dhihaati. Lammiin Naayijeeriyaa tokkoofi Indiyaa tokko wal loolanii xiyyara keessa hokkorri kahe. Kaappiteenichis tasgabbeessuu eegalan. Jaarsummaa galanii araarsan - tasgabbeessaniis. Naayijeerichis ''Qooy Boombee haa geenyuuti walagarra'' jechuun itti dhaadachuun gara teessumasaatti deebi'uun, imala itti fufuu yaadatu. Alkoolii unatanii xiyyaara yaabbachuun dhorkaadha. Tahus machaa'ee namni ragaduufaa kajeelu hin dhabamu. Imala gidduutti lafumaa ol ka'ee ''na buusaa'' kan jedhus inuma jira. Akka kaappiteenni kun jedhanitti, rakkoon bicuun waan nu mudateef, isa sirreessinee imala keenua itti fufna wayita jedhamu ''durumayyuu naan taane, nan bu'a!'' jechuun kan rakkisus nu mudatee beeka jedhu.
50569287
https://www.bbc.com/afaanoromoo/50569287
Dureeyyonni teknooloojii maaliif Itoophiyaa filatu?
Yeroo tokkotti dureeyyonni teknooloojii addunyaa kanaa Itoophiyaa keessatti argamaniiru. Isaanis abbaa qabeenyaa Alibaabaa Jaak Maa fi abbaa qabeenyaa Tiwiiteraa Jaak Dorsiidha.
Abbaan qabeenyaa Aliibaabaa lammii Chaayinaa yoo ta'u ardii Eezhiyaa keessatti gabaa Elektirooniksii keessatti ga'ee guddaa ta'e qabudha. Tiwiiterri ammoo dhaabbata guddaa dargaggoota Ameerikaa afuriin hundeeffame waltajjii miidiyaa hawaasummaa baayyee guddaadha. Jaak Maa fi Jaak Dorsiin akka nama wal beellamanii walakkeessa baatii Sadaasa keessa Finfinneetti argamuudhaan qalbii miidiyaalee harkisaniiru. Abbaan qabeenyaa Aliibaabaabaa erga Finfinnee galanii booda ministira muummee Itoophiyaa Dr Abiy waliin walarganii mari'ataniiru. Jaak Maa kana malees Mandaraa ICT keessattillee argamuun kan daawwatan yoo ta'u MM Abiy waliinis Fooramii Daldala Addunyaa Elektirooniksii (Electronics World Trading Forum [EWTP) piroojektii jedhu eebbisaniiru. Piroojektiin eebbifame kunis dhaabbileen daldalaa xixiqqoo oomisha isaanii guutummaa addunyaa irratti beeksifachuu barbaadaniif carraa gaarii uumeera jedhameera. Gama biraatiin dargaggoota Tiwiitera hundeessan afur keessaa tokko kan ta'e Jaak Dorsiin biyya Naayijeeriyaa ykn Itoophiyaa keessaa tokko filachuudhaan baatiiwwan sadiitii hanga ja'aa turuudhaan filannoowwan gabaa jiruu ilaaluudhaaf jedhameera. Maaliif Itoophiyaa filatan? Dura Ta'aa Feerfaaksi Afiirkaa kan ta'an Obbo Zemedneh Nigaatuu akka jedhanitti abbootiin qabeenyaa addunyaa gurguddoo kun kan Itoophiyaa filataniif baay'inna ummataan yommuu ta'u, sababiin lammaaffaa ammoo diinagdeen biyyoota kana lamaanii yeroodhaa gara yerootti guddataa waan dhufeef. Biyyoota Sahaaraa gadii jiran keessaa Itoophiyaan GDP'n (galii waliigalaa biyya keessatti omishamu)n sadaffaarra jirti. Kampaaniiwwan tekinooloojii qofaa osoo hin taane invastimantiiwwan damee birootiinis Itoophiyaan qalbii hawwachaa jirti. Itti dabaluunis," Abbootiin qabeenyaa lamaan kun kana ilaalanii dhufan. Keessumaa abbaan qabeenyaa Aliibaabaa afeerraa ministira muummeetiin dhufan. Aliibaabaan sadarkaa idil-addunyaatti maamiltoota miliyoona 800 ol ta'an dandeettii keessumsiisuu ni qaba. "Oomishaaleen Itoophiyaa keessatti oomishaman gabaa addunyaatiif dhiyeessuudhaaf waltajjii dandeessisudha," jedhan. Kampaaniin Aliibaabaa jedhamu kun karaa bittaafi gurgurtaa 'ALIPEEY' jedhamu qaba. Obbo Zemedneh carraa ittiin wal irraa bitanii walitti gurguranii kanaa akka carraa guddaatti ilaalu. Qondaalli Siitempaawer kan jedhamuufi Saayinsiifi Tekinooloojiifi Injiinariing irratti kan hojjetu Obbo Iyyu'eel Hayilees 'ALIIPEEY' gara gabaa Itoophiyaa dhufuun isaa waan guddaadha jedhu. "Dhaabbileen kunneen kara Itoophiyaa dhufuun isaanii faayidaa guddaa inni qabu ce'umsa teknooloojii keessatti gumaachaa ni qabaata. Biyya keenyatti fakkeenyaaf e-commerce (gabaan karaa elektirooniksii) baayyee gadi aanaadha. Kun humna namaa hedduus kan qabachuu danda'udha. Fakkeenyaaf dhaabbileen warra akka keenyaa kun kampaanota kanarraa muuxannoo guddaa fudhachuu dandeenya. Aadaan tekinooloojii gara biyya keenyaatti dhufuun isaa faayidaa guddaa qaba." Abbaan qabeenyaa Aliibaabaa, Jaak Maa fi mootummaan Itoophiyaa wiirtuu gabaa addunyaa gabaa elektirooniksiitiin deggerame ijaaruudhaaf waliigaltee mallatteessaniiru. Obbo Zemedneheen akka jedhanitti kanaan dura kampaanonni teknooloojii sadarkaa addunyaatti gurguddo ta'an akkasii gara Itoophiyaatti yeroo dhufan argamee hin beeku. "Yeroo baayyee gara biyya Ruwaandaa deemu. Ruwaandaan garuu biyya xiqqoodha. Itoophiyaan garuu guddoodha. Kun filannoo guddaadha. Fakkeenyaaf, Tiwiiteriin waltajjii miidiyaa hawaasaa baayyee guddaadha," jechuudhaan barbaachisummaa Itoophiyaa ibsan. "Akka dhageenyutti Jaak Dorsiin akka dhuunfaattis ta'e akka kampanii isaaniitti Itoophiyaa keessatti invars gochuuf fedhii agarsiisaa akka jiru dhageenya. Kanaan dura fedhii agarsiisaa kan turan addunyaa gama Bahaarraa warra dhufanidha. Waggaa tokkoofi walakkaa darbe kana keessa garuu gama biyyoota Lixaarraas fedhiin guddaan dhufaa jira," jechuudhaan dhufaatii Tiwiiteraa kaasuun ibsu. Akka xiinxala Obbo Zemedneeheetti dhaabbileen gurguddoo gara Itoophiyaa kan dhufan tekinooloojiirratti qofaa miti. Filannoo invastimantii biraatiinis hojjechuuf fedhi ni qabu. "Dhugaa dubbachuudhaaf wanti biraan qalbii hawwatu ministirri muummee Noobeelii Nagaa Addunyaa badhaafamuu isaaniiti. Fakkeenyaaf, hawaasa invastimantii ani keessatti bobba'ee jiru keessatti xiyyeeffannoo ol'aanaa kenneeraaf. Itoophiyaadhaan 'Biraandii' gochuudhaaf [durra akka horattu] badhaasichi hiika ol-aanaa qaba," jechuun dubbatu. Hundeessaa Afro FM kan ta'an Addis Alamaayehu gama isaaniitiin "Biliyeeneroonni lama dhufan jechuun kanaa booda Itoophiyaan kaartaa isaanii keessaa hin baddu jechuudha," jechuun daawwannaan dureeyyii kanaa faayidaa akka qabu ibsu. "Abbootiin qabeenyaa kun yeroo jalqabaatiif natti fakkaata biyyattii ilaalla jedhanii kan dhufan. Kana jechuun ammoo biyyattiin kanaa booda tekinooloojiirraa fagaattee hin turtu jechuudha. Gama kanaan Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane dargaggoota dandeettii qaban addunyaaf ta'an hedduu qabna. Isaan kun lamaan dhufan jechuun warri kaanis dhufuun isaanii kan hafu miti." Kanaaf ammoo jijjiiramni ministira muummee Dr. Abiy ulaa baneera jedha Obbo Addis. "Dingadeen banamaa jira. Dhaabbileen tajaajila telekoomii dhiyeessan haaraan biyya galuuf jedhaa jiru. Rakkoon interneetiirra jiru ji'oota ja'a ykn waggaa tokkoon booda ni furama jedheen amana." Sababiin biraan akka biyyi kun invastimantii hawwattu godhe tokko biyyattiin ummata miliyoona 110 ta'u qabaachuudha jedha Obbo Addisiis. Umuriin giddu-galeessaa waggaa 18 ta'a. Guddinni dinagdees baayyee saffisaadha." Abbootiin qabeenyaa mootummaarraa maal barbaadu? "Kaampaaniin Alibaabaa Itoophiyaa keessatti akka milkaa'uuf an akka nama oomisha gurguruu yookiin akka hoogganaatti nan gargaara'' jedhan MM ABiy wayita Jaak Maa waliin mari'atan. Obbo Zamadnah yaada kana ni qooddatu. ''Mootummaan iyyama kennuu qofa osoo hin taane deggeruus qaba. Kanaafuu dubbiin ministira mumee sirriidha. Dhaabbileen akka Alibaabaa fi tuwiitariin Itoophiyaa keessatti hojjetanii yoo bu'a qabeessa ta'an faayidaansaa biyya keenyaaf. Biyyi keenya oomisha ittiin beekamtu qabaattee maqaanshees akka toluuf ga'ee guddaa qaba.'' Haata'u malee gama kanaan hojii eegalame galmaan ga'uuf imaammata fooyyessuun akka barbaachisu eeran Obbo Zamadneen. «Mootummaan ajandaa jijjiiramaa eegale xumuruu qaba. Dargaggootaaf, keessattuu investeroota reef hojii jalqaban deggeruu irratti imaammata fooyyessee baasuu qaba. Dargaggeessi tokko hojii argachuuf hudhaan isa mudatu kaampaanichaafis dhiibbaa qaba'' «Dhugaatti waan biyyaaf fayyadu ta'uu qaba. Kaapmaaniiwwan akkanaa akka biyya baqatanii hin deemneef imaammati haala mijeessu ba'uu qaba.'' Akka yaada Obbo Iyyoo'eelitti garuu ilaalcha teekinooloojii irratti jiru jijjiiruu fi kuufamni sharafa alaa isaan ijoodha. ''Gabaan ammallee itti hin bu'amne jira. Garuu gabaan dijiitaalaa maali? Yookiin ammo 'e-marketing' maali? Mana kee teessee akkamiin gurguruu fi bituu dandeessa? Yaadonni kunneen baay'ee hin beekaman'' Itoophiyaa keessatti karaa mobaayilaa bituu fi gurguruun rakkisaa ta'uu kan dubbatan Obbo Iyyoo'eel kanaaf ammoo teekinooloojii babal'isuu barbaachisa jedhan. Gama Kanaan waan hedduutu hafa kan jedhan Obbo Iyyoo'eel ''Itoophiyaa keessatti namoonni hedduun maallaqa harkatti baachuun fayyadamu. Tajaajila ATM illee seeraan dhimmi itti ba'aa hin jirru. Hojii guddaatu nu barbaachisu kan jennuuf kanaaf'' Kan biraan hudhaa guddaan dhimma hanqina doolaaraa ta'uu eeran Obbo Iyyoo'eel. ''An Itoophiyaa taa'ee Ingiliiz ykn Ameerikaadhaa meeshaa bituuf doolaarri ga'aan hin jiru. Sababni isaa an asii maallaqi an mootummaa Itoophiyaaf kaffalu birriidhaan. Mootummaan Itoophiyaa ammoo doolaara naaf kaffaluu qaba. Doolaara ga'aa hin qabu taanaan maal naaf kaffala? Kan jedhan gaaffilee ka'uu qabaniidha. Gaaffileen kunneen haa ka'aniyyuu malee Alibaabaan daandii ittiin rakkoo kana irra aanan qabaachuu danda'a'' Interneetiin addaan ciccituu ilaalchisuun Obbo Iyyo'eel akkas jedhan: "Biyyoota Afirikaa faayiberiin guddaan keessa diriirfame keessaa Itoophiyaan tokkodha. Dhuguma ciccituun interneetiin ni jira. Haata'u malee, kampaanonno telekoomii lama dhufaa jiru," kan jedhamu ni furu jedhanii amanu. ampaanonni kun seenuun isaanii kampaanota gurguddoo akka Alibaabaatiif filannoo dabalataa akka ta'an himuun: "Rakkoon interneetiin addaan ciccituu telekoomiin dhaaba tokkoon dhuunfatamee waan qabameef dorgommiin waan hin jirreef kan uumamedha. Dhaabbileen kunneen gurguddoodha. 'Viisaat' ofii isaanii dhaabbatanii osoo ta'ee fayyadamuu ni danda'u; inteneetiin addaan ciccituunis qormaata itti ta'a jedhee hin yaadu," jedhu. Obbo Addisis ta'e Obbo Zemedneheen akkasumas ogeessi tekinooloojii Obbo Daani'ell biliyeeneroonni dhufan kun dandeettii guddaa isaan qaban baayyee guddaa akka ta'e waliif galu. Gaaffiin amma jiru Itoophiyaan abbootii qabeenyaa kanarraa fayyadamuudhaaf hangam qophooftuudhaa? kan jedhudha.
oduu-56795727
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56795727
Lola waraanaa Tigraay: Wal'aansoo ogeeyyii fayyaa namoota miidhaan saal-qunnamtii irra gahe yaalan
Naannoo Tigraay bakka lolli gaggeeffamaa ture Idaagaa Haamusitti, dubartiin tokko miidhaan saal-qunnamtii erga irratti raawwatameen booda, wantoonni garaa garaa gadameessa ishee keessa kaa'amee gatamtee argamte.
Shamarreen miidhamte kunis naannichatti gara kaampii loltoota Ertiraa keessa qubataniitti geeffamtee guyyaa 11f akka gudeedamte galmeen hospitaalaashee ni agarsiisa. Baatii Bitootessaa keessa gara hospitaala Addigraat yoo geeffamtuutti ''waan gadameessa ishee keessa kaa'ame yeroon baasuuf yaalu humnaa ol natti tahe,'' jedha hakiimni jalqaba dubartii kana wallaane Dr Ataakiltii Siyyuum. Kanaaf hakiimni ulfaafi gadameessaa kan biraa wallaansa yaalii baqaqsanii wal'aanuutiin waantoota gadaameessha ishee keessa ture baasaniif. Doktar Ataakiltiin garuu ''mudannoon suukanneessaa kun yoom sammuu koo keessaa akka bahu hin beeku,'' jechuun dhiibbaa xiinsammuu keessa darbaa jiru hima. Dubartiin sunis dhukkubni narvii ishee mudatee hospitaala Maqalee hordoffiin taasifamaafii jira. ''Seenaa dubartootaa miidhaan saalaa dachaa baayyee irra gahe dhagaheen manatti yeroon galu maal akkan hojjedhu, maal akkan dubbadhu hin beeku,'' jetti hospitaala rifaraalaa Ayidaritti narsii wiirtuu 'One stop' kan taate Muluun. Dubartoonni wiirtuu fayyaa kanatti keessumsiifaman seenaa wal-fakkaataa qabu. Loltoota Ertiraafi Itoophiyaatiin akka gudeedaman dubbatu. Kaan ammoo of wallaalanii waan turaniif eenyu, maal akka irraan gahe kan hinbeeknes jiru jetti Muluun. Gidiraan irra gahe itti ulfaatee uumamuu isaanii kan jibban jiru, ''kana booda namni nan barbaadu, lubbuun jiraachuu hinqabu, du'a naa wayya,'' kan jedhan lakkoofsi isaanii xiqqoo miti. Dhukkubsattoota isaanii jajjabeessanii jireenyi haaraan akka jiru himuun abdii akka godhatan tattaafachuun itti gaafatamummaa hakiimotaa erga tahee bubbuleera. Ogeessonni fayyaa kunneen lafa meeshaaleen yaalii, qorichi fi humni namaa gahaan hin jirretti dubartootaafi shamarran gudeedaman keessummeessaa oolu. Hospitaala Addigraat keessatti waggaa tokko caalaa tajaajilaa kan ture Dr Ataakiltiin hanga yoonaatti dubartoota miidhaan saalaa irraa gahe 140 kan tahan yaaleera. Haatahu malee lakkoofsi kun dabalaa waan dhufuuf dhiibbaan qor-qalbiifi hawaasaas akkasuma dabalaa dhufuu dubbata. ''Dhimman guyyaa guyyaan dhagahu waan taheef yeroo hunda mataan na dhukkuba, nan dhiphadha, nyaata hin nyaadhu, of gateera, gammachus dhabeera jira,'' jedha. Hanga yoonaa dubartoonni 258 tahan miidhaan saalaa irra gahuu himachuun, gara hospitaala Addigraat wal'aansaaf dhufaniiru jedha. Namoota miidhaan saalaa irra gaheefi Dr Atakiltiin keessummeesse keessaa kan umuriin xiqqaa shamarree waggaa 12 yoo taatu, guddoon maanguddoo waggaa 89ti jedha. ''Baayyeen isaanii haadholiidha, haadha waggaa 70 haadha warraa qeesii, ayyoliin qorrobanillee keessa jiru. Waan irra gahe yoo himan imimmaan isaanii arguun of na jibbisiisa,'' jechuun dubbata. Magaaloota naannoo Tigraay jiran keessaa Maqaleen kan yaaliin fooyya'aa itti kennamudha. Hospitaala rifaraalaa Ayidariifi Maqaleetti miidhamtoonni iddoo garaagaraatii dhufan ni argamu. Hanga yoonaa dubartoonni miidhaan saalaa irra gahe 335 tahan gara wiirtuu hospitaala Ayidaritti argamuufi warreen miidhama akkanaa qabaniif tajaajila kennu 'one stop'tti geeffamaniiru. Kanneen keessaa 140 kan tahan ulfa sababa gudeeddii kanaan uumame baasuu kan barbaadaniidha. Kana malees dhukkuba daddarbaatiin kan qabamaniifi miidhaan qaamaafi xiinsammuu irra gahee of danda'anii socho'uu kan hindandeenye yoo dhufan, kan dursee isaaniif qaqqabu narsii Muluudha. ''Namatti dhiyaachuu hin fedhan, miidhaa irraan gaheen of jibbuu isaanii irraa kan ka'e qoricha sammuu kan fudhachuu jalqaban jiru, haala kanaan hojii gahaa tahe hojjechuunis hin danda'amu,'' jetti. ''Guyyaatti hanga dhukkubsataa 15 yerootti ilaallutu jira. Dhaabbileen fayyaa baayyeen waan saamamamiif, haalli isaan itti ulfa baasaniifi qoricha argatan hinjiru. Sababii kanaafi kan biraatiin hawaasni qalbii dhabeera, anis akkasuma,'' jetti. Waggoota lamaan darbanitti mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti garaagarummaan siyaasaa hammaachaa dhufee Sadaasa 04, 2021 lola waraanaatti ce'e. Lola waraanaa kana hordofee namoonni 70,000 ol gara Sudaanitti baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ni himu. Bulchiinsi yeroo Tigraay akka jedhutti, hanga ammaatti naannicha keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, namoonni miiliyoona afurii ol ta’an ammoo gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa. Uummanni naannichaa harka 91 tahu deeggarsi namoomaa akka isa barbaachisu Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa yoo ibsu, mootummaafi dhaabbileen garaagaraa meeshaalee deeggarsaa dhiyeessaa jiru. Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu. Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf daangaa cehuun galte jedhan. 'Duula seera kabachiisuu' jedhame kanarrattis kan hirmaatan miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, milishoonni naannoo Amaaraafi loltoonni Ertiraa yakki raawwatan yoo jiraate tarkaanfiin ni fudhatama jechuun isaanii ni yaadatama. Mootummaan Ertiraa himannaa irratti dhiyaatu kuffisaa bahus, dhiyeenya kana UNtti ambaasaaddara Ertiraa kan tahan Sofiyaa TasfaaMaariyaam waa'ee waraana biyyattii ilaalchisee yeroo duraatif ifatti deebii laatan. ''Sodaan ture garri caalu baduusaatiin, humnoota Ertiraa baasuun waraanni Itoophiyaa ammoo naannoo daangaatti akka bobba'u gochuuf, anga'oonni olaanoo Itoophiyaafi Ertiraa waliigalaniiru,'' jechuun mirkaneessan. 'Qorichi xiqqoon warqee nutti taate' Dhaabbileen fayyaa tajaajiloota hawaasaa naannichatti barbadaa'an keessaa tokko. Walakkaa ji'a Muddee hanga Amajjiitti Waldaan Hakiimota Daangaa Maleeyyii-MSF sakkatta'insa dhaabbilee fayyaa 106 keessatti taasiseen harka 70 kan tahan saamamaniiru, harki 30 immoo barbadaa'aniiru jechuunsaa ni yaadatama. ''Haala qorannoo dhiigaa fi fincaanii gochuufi qoricha argachuu hin dandeenyeerra geenyeerra. Dhukkubsattoonni guyyoota afuriif dabaree eeggatu. Qorichi xiqqoon warqee nutti taatee jirti,'' kan jedhu Dr Ataakiltiin, ogeessi baayyeen waan hin jirreef hojiinis ulfaataa taheera jedha. Miidhamtoonni sadarkaa jireenya gad-aanaa kan qaban yoo tahu, sababa waraana kanaan abbaa yookiin obboleessi jalaa ajjeefamaniiru. Kaan immoo dhukkuba gogaafi kalee qabu jedheera. ''Yeroo baayyee ganama gallee irbaata osoo hin nyaatiin haalli itti dabarsinu waan jiraatuuf, jireenya koo hospitaalattiin dabarsa. Iddoo fagootii waan dhufaniif dhiisnee deemuun nutti ulfaata, kanarratti immoo ni bo'u. Manatti yoon deebi'u waanan jeeqamuf hirriba hinqabu.'' Maqaleettii wiirtuun 'One Stop' jedhamu tajaajila ogessa dhimma hawaasummaa, ogeessa seeraafi hakiimaan qindaa'e kenna. Kunis dubartoonni haleellaan irra gahe qollifamuun osoo irra hingahiin akka yaalamaniif gargaareera. Haatahu malee dubartoonni baayyeen dhiibbaan aadaa waan irra jiruuf gara wiirtuulee fayyaa dhufuuf ija hin jabaatan, waan irra gahe kan dubbatanis muraasa. Muluun wiirtuun kun tajaajila humnaa olii kennaa akka jiru himti. ''Jireenya koo keessatti mudannoo hamaa akkasii argee hin beeku. Naasuu isaa hanga mana keenyaatti fudhannee deemna. Nyaati nuuf hin liqimfamu. Gatii namni baayyatuuf yeroo koomaand poostii hineegnu,'' jetteetti. Kana malees gara mana koo yoon deemu ''namoonni ani yaalaa oole, maqaa, qaamaafi gidiraa isaanii osoo hinhafiin nan yaadadha. Guyyaafi halkan na waliin jira. Gidiraan isaanii hammaatus 'nu hunda miidhe'' kan jettu Muluun, oolmaa hojiishee maatiisheetti akka hin himne dubbatti. Dr Ataakiltiin, ''dur waa'ee dhukkubsataa koo naa fayyee shaayii dhugaa odeessaan oola ture. Amma garuu dadhabaa oolus namatti hin odeessu. Miira abdii kutachuutu natti dhagahama,'' jechuun dubbata. 'Hundumtuu abjuu natti fakkata' Ogeessonni fayyaa waa'ee miira mataasaaniifi dadhabbii isaanii yaaduufi gadduuf badaa yeroo hinqaban. Akka narsii Muluun jettuutti ''yeroo ammaa akka feete dubbatanii deemuun illee hin danda'amu.'' ''Yoo dubbannes namni nu gargaaru hin jiru. Waan tokko erga darbee booda si gargaara namni sin jedhu immoo gidiraa kee sitti baay'isa. Dirqiidhuma jiraanna yoon jedhe soba miti.'' Dr Ataakiltiin ibsaafi bilbilli irra deddeebiin akka baduufi hunda caalaa bishaan jiraachuu dhabuun rakkoo guddaa itti tahuu dubbata. ''Biyyaafi uummatakoo onnee jedhuun hojjechaa jirra. Hojjannee bishaan harka keenya ittiin dhiqannullee hin argannu. Ibsaan waan baduuf daabboofi biddeen argachuun guyyaan itti hindanda'amne jira,'' jechuun dubbata. Hunda caalaa garuu ''jireenyi keenya abjuu taheera, qoricha xiqqoo argachuun, ibsaafi kaanillee argachuun abjuuma tahe.'' Waggaa 10 caalaa narsii tahuun kan tajaajilte Sistar Muluun haala rakkisaa kana keessatti waanti abdii isheef kennu jira. Innis, ''Warreen miidhaman waan sammuu isaanii jeeqe dhufanii nu birattii yoo baafatan anaan natti salpahata. Qalbiin isaanii jeeqamee dhufanii miilaan deemuu gaafa jalqaban nan gammada,'' jetti. Hakiimonni kunneen ba'aan nu salphate jedhan kan deebi'ee itti ulfaatu, yeroo miidhamtoonni miidhaa saalaa-dubartootaafi daa'imman hospitaala isaanii dhufanidha.
oduu-53343460
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53343460
Ajjeechaan Haacaaluu: 'Eenyutu ajjeese, ajjeesise kan jedhu hidda qaba waan ta'eef yakka cimaadha'-Abbaa Alangaa Federaalaa
Ajjeefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaan booda mormii dhalateen wal qabatee Finfinneefi Oromiyaa keessatti taateewwan hedduun mudataniiru.
Hiriira mormii guutummaa Oromiyaatti ajjeechaa artistii jaallataniitiin dheekkamanii bahan qabeenyaan manca'ee, lubbuun baayyeenis darbeera. Akkasumas namoota siyaasaa gurguddoo fi miseensota paartiilee mormituu dabalatee namoonni 2,700 ol hidhamaniiru. Dhimmoota kanaaf, haqa Haacaaluu baasuu ilaalchisee Aadde Adaanech Abeebee BBC waliin turtii taasisaniiru. BBC: Namoonni ajjeechaa Haacaaluutiin shakkamanii hidhaman meeqa ta'u? Aaddee Adaanech: Du'a artistii jaalatamaafi goota mirga namoomaaf falmuu Haacaaluu Hundeessaatiin wal qabatee, gara namoota 15 to'atamaniiru. BBC: Ajjeechaa raawwatamee booda Oromiyaa keessatti mormiin taasifameen walqabatee lubbuun namootaa darbusaa dhagahameera. Namoonni hokkoora sanaan walqabatee lubbuunsaanii darbee meeqaa ta'a? Aaddee Adaanech: Ajjeechaa artisti Haacaaluurratti raawwatameen walqabatee Oromiyaa keessatti namoota mormiif bahaniifi namoota nagaa mana keessa turan irratti gochii sukanneessaafi qaaneessaan raawwatameera. Haaluma kanaanis Oromiyaa keessatti lubbuun namoota 158 galaafatameera. Akkasumas Finfinnee keessattis erga reeffii artiist Haacaaluu Hundeessaa gaggeeffameen booda lubbuun namoota gara 10 darbeera. Walumaagalatti lubbuun namoota 168 darbeera. Kana keessaas 13 qaamoolee nageenyaa yoo ta'an, kan hafan 155 miseensoota hawaasaati. BBC: Namoota du'an kanneen keessaa kan dhukaasa qaamoolee nageenyaatiin ajjeefaman addatti baafamanii beekamuu? Aaddee Adaanech: Oromiyaa keessatti haala namoota ajjeefamanii ilaalchisee garee qorannaa qaama federaalaafi naannoo irraa ijaarree ergineerra. Kunis sababii yakki gurmaa'uun nageenya biyyattiirratti kan agga'amamee wayita ta'u, akka federaalaattis qoratamuu waan qabuuf kun ta'e. Haalichi qoratamaa kan jiruu yoo ta'u, ragaa hanga ammaa qabnuun, ajjeechaa harki caalaan namootuma qophaa'anii guyyaa hokkaraa kana eeggataa turaniin kan raawwatameedha. BBC: Dhaabbilee mirga namoomaaf falman akka jedhaniitti, erga hokkarri ajjeechaa artisti Haacaaluutiin walqabatee ka'een asi qaamoolee nageenyaa mootummaa humna hangaa olii fayyadamaniiru. Miidhaan qaqabees sababiidhuma kanaan kan walqabateedha jedhu. Waa'ee kanaa maal jettu isin? Aaddee Adaanech: Jalqaba jeequumsi kun maal jechuun yaa ilaalu. Artist Haacaaluun artiistii beekamaafi jaalatamaa biyya kana keessatti ijjoolluummaa isaarraa qabee qabsaa tureedha. Haata'u malee, Haacaaluun gaggeessaa siyaasaa miti. Kanaafuu, dhimmi isarratti akka xiyyeefatamu taasise maaliidha? kan jedhu kaasuu dandeenya. Isinis akkauma dhagaa turtan, nutis gama qaama nageenyaatiin ragaa nu gahaa tureefi irratti hojjatamaa tureen, baatii Waxabajjii kana keessa hookkara Finfinneerratti eegallee deebiifnee Finfinneetti xumurra. Waa'een mootummaa kanaa Waxabajjiirratti nuu dhumata jedhamee baayyee itti hojjatamaa ture. Kanarraa ka'uunis Haacaaluun karoora kana jalqabsiisuudhaaf akka xiyyeefannaa keessa galfame kaasuun ni danda'ama. Tokkooffaa, ajjeefamee akkuma oduun gaddaa dhagahameen bifa addaatiin namni hidhannoofi meeshaalee wal quunnamtii adda addaa qabtee, midiyaa qopheeffatee bahuun dursa qophiin akka ture kan argasiisuudha. Kunis harkaafi harkatti qabamaniiru. Haacaaluu dhabuun keessa gadda sabaatiifi kan biyyaati. Haata'u malee, awwalchi Haacaaluu bakka gootoonni akka raawwatamuuf qophaa'aa osoo jiru, maatiin lakkii bakki warri bilisummaaf ijoolluumaadhaan biraa kufan itti awwalaman jiru, bakka obbooleessi isaa bara darbee itti awwaalamee jira. Duunee argamna malee Haacaaluun Amboon alatti hin awwalamu jedhanii didan. Sababii kanaatinis reffii Haacaaluu gara Ambootti akka gaggeefamu ta'ee ture. Haata'u malee, meeshaa waraanaatti fayyadamuun dirqisiisanii Haacaaluun gara Finfinneetti akka deebii'u taasisan. Kana qofaas osoo hin taanee hayyama tokko malee karaarra dhaabaa ija dorgomiitiin wal ilaalanii meeshaan deegaramuun seenuun hookkara kaasisuun alatti hiikkaa biraa itti kennuu hin dandeenye. Kunis ragaa adda addaatiin nu harka galee jira waan ta'eef isaansi kanarratti waan waakkatan natti hin fakkaatu. Isattis aansee ammoo Finfinnee keessatti qaamni of ijaaruun namoota gaddaaf dhufe arrabsan 'Oromoon nu hin bulchuu' kan qeerroo arbasan qaamni Baaldiraas ammoo kanuma hordofuun dargaggoota jeeqan bobbaase. Osoo dursanii hin gurmeesine ta'ee, gochawwan akkasii kunis guyyaa tokko keessatti ta'uu hin danda'u ture. Dursanii taaksiin kaffalamee, motarri ramadamee, dursee maallaqani ramadamee, meeshaan waraanaafi meeshaalee adda addaa akkasumas uleen qabatamee akka bobba'an taasifame. Kunis akkuma gurmaa'e gurmaa'ina isaanitiin qaamooleen jeequmsi Finfinnee keessatti gaggeessuuf itti qophaa'aa akka turan agarsiisa. Qaamoolee jeequmsi ka'ee addaan akka hin kutamneef sabaan wal nyaachiisuun fedhii siyaasaa isaanii guuttachuu haala danda'aniin qophaa'an kunneenis gochisaanii kun wal dubbisa ture. Kan biraa ammoo Oromiyaa keessatti haala sukaneessaa ta'een namoota hirmaannaa siyaasa hin qabnee ykn ajjeechaa Haacaaluu waliin hidhata hin qabne irratti miidhaan raawwatameera. Kanaafuu, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun nageenya ummataa eegsiisuun dirqama isaati. Namoonni hanga kanaas haala kanaan du'usaanii baayyee nu gaddisiisa. Osoo qaamooleen nageenyaa haala kana to'achuuf wareegamanii fuldura bahanii hin sochoonnee ta'ee hookkarri kun hin to'atamu ture. Osoo hin to'atamne ta'ee ammoo badii akkamiitu biyya kanarra gaha ture jennee yaaduun baayyee namatti ulfaata. Kanaafuu, qaamooleen nageenyaa humna hangaa oliitti fayyadamaniiru jechuudhaaf ka'umsa waan qaban natti hin fakkaatu. Sirriiyyu kan jedhamuu qabu kana caalaa harkaa kaffaluun uummata kana baraaruu qabaa ta'uu qaban jedhan akkan ragaa ofi harkaa qabuutti. BBC: Akkuma jettaniitti gareen Obbo Jawwar waliin turan meeshaa waraanaa harkaa qabu jettan. Obbo Jawwan ammoo eegdoota waan qabuuf qaamooleen sun meeshaa akka of harkaa qaban mootummaan sana hin beekamu ture? Aaddee Adaanech: Duraan ni beekama. Haata'u malee, eegumsi meshaa waraanaatiin deegaramee isaaf taasifamaa ture erga dhaabbatee olee buleera. Egdoonni isaa wayita itti fufuuf murteessanitti meeshaa deebiisanii ykn walumaan kan itti fufan ta'uu qulqulleessaa jirra. Egdoonni namootaaf wayita ramadamaniittis hangi meeshaa akka qabataniif waliin ramadanuu murtaa'aadha. Lammaffaa ooma mootummaan kan ramadeef ta'eeyyu bakka akkasiirratti meeshaa nyaachifatanii dhiibbachuun waajiira qaama biraa seenuun seeraan ala. Nageenya abbichaa ittiin eeguuf malee badii biraa ittiin raawwachuun hin hayyamamu. BBC: Odeeffannoon arganeen Obbo Jawaariifi Obbo Baqalaan erga reeffi gara galma Aadda Oromootti deebiifameen booda sirni kun attamiin haa raawwatamurratti marii taasiisuuf jecha Waajjira dhaabaa deemanii achitti qabaman waan jedhutu jira. Akkuma isin jettaniittis ammoo aanga'oonni olaanoon dhaaba Badhaadhina Oromoyaa sirni awwaalcha Haacaaluu Finfinneetti haa raawwatu jedhamee ture. Dhugaan bakka kam jira? Aaddee Adaanech: Jalqaba akkuma fedhii maatii malee Jawaar humnaan reeffa deebisiisaa jiraachuun qulqullaa'een, namoota Jawaariin beekaniifi itti dhiyaataniin jaarsummaan itti ergameera. Bilbilli itti bilbilamaa akka ture ragaan qabameera. Lakkii dhiisaa gara maatii haa deemu. Maatii bira deemnee kabajaan haa gaggeessinu, kan jedhu dhiyaateef ture. Kan biraa kan seenuun argamee galma Aadaati yoo jedhame, maaltuu istaadiyoomii naanneessee karaa waajira paatiitiin fide? Kanaaf ammoo ragaa namaa qofa osoo hin taane ragaan kaameeraa jira yeroo isaan dirqamaan dhiibanii seena. Isaan booda ture gaggeessaa nageenya dallaa sanaa akka waan hamaan hin mudanne yaaduun, qaamaan dhaqanii qawwee isaanii gadi deebiisanii akka gara galma aadaa dhaqaniif kan itti himan. Kanaafis ragaa sasaabbanneerra. Kanaafuu guyyaa Haacaaluun du'unsaa itti dhagahamee kaasee haala akkasitiin meeshaa waraanaatiin gurmaa'uun socho'uu, booda maatii caalaa nutu beeka jechuu doorsisuun reeffi gara Finfinneetti akka deebii'u taasisuun, akkasumas akkaataa dubbii itti kaasuun qabatanii waajjira ittiin morman bira deemuun, sababii sanaanis miseensi poolisii tokko akka du'u gochuun, humnaan walitti deemuun akka karoorri addaa jiru ni agarsiisa. Karoorri kun warra kanaan dura jeequmsa Finfinneetti kaasifnee Finfinneetti xumurree aangoo nu harkaa bahee of harkatti deebiifna jedhanii dhaadatan waliin hagam akka walqabatu baruuf qorannoon keenya itti fufeera. BBC: Ofii ajjeechaa kana duubaafi hokkara isaan booda dhalateen walqabatee namoonni Oromiyaa keessatti to'annoo jala oolfaman hangam ta'u? Aadde Adaanech: Oromiyaa keessatti namoonni 1,714 to'atamaniiru. Finfinneetti ammoo namoonni gara 1,000 ta'an to'annaa jala oolfamaniiru, kan Haacaaluu dabalatee jechuudha. BBC: Namoonni siyaasaa dhaaba mormituu ABO fi KFO keessa kanneen sadarkaa hooggansaarra jiran, miseensota dabalatee to'annoo jala oolfamaa jiru. Kun ammoo carraa uumame kanaan filannoo dursee garee mormitootaa jilbeeffachiisuuf yaadameeti qeeqni jedhu jira. Isin maal jettu? Aadde Adaanech: Dubbiin filannoonis ta'e aangoo siyaasaatti bahuunis, jiraachuun biyya bulchuunis kan yaadamu yoo biyya qabaattee.. Waan hundumaa dura xiyyeeffannaan keenya amma biyya baraaruudha. ,Duuti namaa dhaabbachuu qaba, ummanni kun nagaan wajjin jiraachuu qaba. Yoo nagaadhaan waliin jiraate fuuldura baatee falmitee, qeeqxee gara aangoo siyaasaatti dhufuun ni danda'ama. Kanaaf, har'a jiraachuutu nurra jiraata. Har'a jiraachuun, bahuufi galuun akka hin danda'amnetti ammas waamichi badii akka ummanni walfixu wanti keessatuu gara amantiifi gara sabaatti dhiibbamaa jiru kun baayyee gadhee waan ta'eef qaama siyaasaa aangoorra jiru mormuurra kan darbedha. Kanaaf, kana to'annaa jala oolchuudhaaf deemaa kan jirru. Ammas hin dhaabbanne, Roobii namni akka hin bane, karaan akka cufamu, bakka danda'an hundatti tarkaanfii adda addaa akka fudhatan labsiin adda addaa bahee, ergaa gabaabaanis mobaayilaan deddeebiyuunis wanti deemamaa ture jira. Garuu hojii poolisiin kanarratti hojjetaa tureen to'atamee har'a hojiitti bobba'amuun danda'ame. Kana eenyutu godha kan jedhu ammo ragaa argannurraa jalqabneetu osoo namni hin du'iin to'attee seera jalatti oolchuun oomaa rakkoo hin qabu. Seeraan deebii'a. Yoo namni qulqulluun to'atameera ta'e, ragaadhaan, adeemsa seeraatiin qulqullinni isaa mirkanaa'ee ni baha. Yoo namni seera cabsee hokkara akkanaa kaasise ammoo adeemsa seeraatiin adabamuun eessayyu jira. Hunda keenyaafi wabii kan ta'uu danda'u kana. Wanti irratti xiyyeeffanne ol -aantummaa seeraa eegsiisuudha. BBC: Wayita rifoormiin kun dhufu Ministirri Muummee Abiy Ahmed wanta dubbatn keessaa tokkoo, akka durii hiinee hin qulqulleessinu, qulqulleessineetu to'annoo jala oolchina wanti jedhu ture. Amma akka jechaa jirtanitti namoota kumootaan hiitanii jirtu. Sun wal hin faallessuu? Aadde Adaanech: Hin faallessu. Maaliif yoo jedhame, qulqulleessuu jechuun mana murtiitti akka abalu yakkamaadha jette itti murteessuu miti. Yakka keessatti hirmaachuu isaa agarsiistuu/raga qabaachuu keeti. Warra ragaan irratti hin jiraanne ykn namni hokkara keessatti hin hirmaatiin qabamne hin jiru. Karoora/ ergama duubaan kennuu wajjin raga irratti arganneen ykn fuuldura miiraan ergama kana fudhatanii badii balleessuudhaaf, nama ajjeesuudhaaf, qabeenya barbadeessuu, mana gubuu, mana diiguu keessatti, nama ajjeesuu keessatti warra qabamanidha. Kana hin to'annu yoo ta'e ammo biyyi hin jiruu jechaa jirra. Biyyi hin jiru taanaan ammoo seerri hin jiru. Osoo kun akkaataa ammaa kanaan deemamuu baatee wanti biyya kanatti ta'uudhaaf karoorfame tilmaamuudhaaf nama rakkisa. Waaqnis nu gargaaree to'annaa jala oolee jira. BBC: Waa'ee ibsa mootummaan kennaa jiruufi ibsa isin ammoo guyyoota darban kennaa jirtan wayita ilaallu hedduun isaa ibsa mootummaa waliin walfakkaata. Sababa kanaatiin Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa hirkattummaa dhaaba biyya bulchaa jiruu jala jira. Yookaan ammoo dhaabni biyya bulchaa jiru Abbaa Alangaa Federaalaa Waliigalaa irratti dhiibbaa uumaa jira ykn waluma keessa jiru hubannaa jedhu uumaa jira. Hangam takka dhiibbaa mootummaa jalaa bilisa taatanii hojii isinirraa eegamu bahaa jirtu? Aadde Adaanech: Dhiibbaa mootummaa jechuun maal inni? Abbaa Alangaa jechuun biyya kamittiyyu qaama raawwachiiftuudha. Mootummaan qaama sadii qaba: Qaama seera hiiku, qaama seera tumuufi qaama seera bahan raawwachiisu qaba. Abbaan Alangaas isa seeraan kennameefiina ala bahee hojjeteera taanaan qeeqamuudhaafis, sirraa'uudhaafis qophiidha. BBC: Fakkenyaa namoota siyaasaa to'annoo jala oolan ilaalchiisee ibsi mootummaan kennuufi ibsi yeroo gara garaatti Abbaan Alangaa kennamaa jiru walfakkaata. Kanaafuu eessatti akka adda bahu baruun ni danda'amaa? Aadde Adaanech: Dubbiin tokkichuma. Wanti raawwatamee jiru dhimmuma amma irratti haasa'aa turre kanadha. Akka Abbaa Alangaatti kan ibsaa turre ragaan sassaabbanne maal akka agarsiisuufi uummanni ragaa argachuu waan qabuufiidha. Qaamni adda addaa ammoo tilmaamaa adda addaafi waan hin taane kennuun waan dogogorsaa jiruuf ragaa sirrii ta'e ibsuudhaaf seeranis dirqama qabna. Gama biraatiin ammoo waa'ee ol-aantummaa seeraa eegsisuuti. Kana keessatti kan nuti to'annaa jala oolchaa jirru qaama yakkaan shakkineefi hirmaannaa kana keessatti arginedha. Achi keessatti ammoo qaamni mootummaas jira, bulchitoonni jiru, poolisiin jira. Seera raawwachiisaan jirra. Wanta dhugaa jiru yoo nuti ibsine, pirees sakireetaariinis, ministirri muummees isuma ibsu. BBC nillee kanuma ibsa jedhaan amana ragaarraa kaane waan ta'eef. Wanta qorannoodhaan irra geenye ummataaf ibsuuf labsiidhaan itti gaafatamaan nutti kennameera. Himata dhiyeessuudhaafis Abbaa Alangaa Waliigalaatiif kenname. BBC: Erga ministirri muummee gara aangootti dhufanii aanga'oonni gurguddoo kan akka Janaraal Saa'iree Mokonnon dabalatee, kan Injinar Simanyawu irratti ajjeechaan akkasii raawwatamanii turan. Dhimma isaanitiin wal qabatees namoonni adeemsi seeraa haqa kennuu, amansiisaa miti waan jedhu kaasu. Ammas ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatameen walqabatee haqni sirrii ta'e kennamuu dhiisuu danda'a shakkii jedhu sirna haqaa waliigalaarraa shakkii qabaachuu kaasaa jiru. Waa'ee kanaa maal jettu isin? Aadde Adaanech: Jalqaba akka ragaatti wanta ani siif sirreessuu barbaadu, kan Injinar Simanyawu ragaan qulqullaa'ee, Abbaa Alangaatiin mirkanaa'ee ofiin of ajjeesuu isaati kan agarsiisu. Sanaa as akka waliigalaatti kan Waxabajjii 16 murtiirra gahee jira. Mana murtiitiin himatamaan tokkoffaa Obbo Getaachoo Asaffaa, hogganaa dhimma biyya keessaa ture. Qabamee akka dhiyaatu ajajamee waan tureef sababii sanaan wanta turedha. Dhaqee ummata keessa waan dhokateef tokko qabuudhaaf jecha ammoo namoota biroo ajjeesuun sirrii miti gara jedhutti deemuutti deemame. Kanaaf, murtiin bakka hin jirretti ni kennama itti aanee. Namoota sababii kanaan qabaman shanan qulqullaa'ee ragaan Abbaa Alangaa dhaga'ameera, ragaan ittisa isaaniis dhaga'ameera. Murtii mana murtiitiif kan buledha. Kan Waxabajjii 15 akkuma kana dura ibsame har'as itti fufeera. Ragaan dhaga'amaa ture sababii koronaavaayirasiitiin ji'a lamaaf addaan kutamee ture. Sanaan dura ammoo himatamaan tokkoffaa ajjeechaan Janaraal Saa'iree Mokonnonirratti hirmaate ji'oota muraasaaf of wallaaleetu hospitaala keessa akka ture addunyaadhaaf gabaafamaa ture. Wantota lamaan kanaan wal qabatee malee dhimmichi laaffifamee ilaalame miti akka sirna haqaatti. Dhimmoota turtii waliin walqabatu kana caalaa foyyeessinee ni hojjenna jedheen amanna. BBC: Ajjeechaa Artist Haacaaluu waliin walqabatee ammatti namoota to'anoo jala oolchitaniifi qorannoo gaggeessitanirraa garee/qaama kanatu raawwate gara jedhutti wanti isin qajeelchu argamee jiraa? Sababiinsaa aanga'oonni gara garaas miidiyaalee mootummaa irratti eenyu akka ta'e ni beekama wanta jedhu dubbatu waan ta'eef. Aadde Adaanech: Miidiyaadhaaf xiqqoo osoo turree gaariidha. Qorannoon isaa sirriitti cimuu qaba. Wanta fuuldura bahee nama raawwate sanaan ibsamu qofa miti. Hidda qaba waan ta'eef kan raawwachiises, kan raawwates akkaataa raawwatameen yoo ilaallu yakka cimaa Haacaaluu duwwaarratti akka dhuunfaatti raawwatame osoo hin taane kan biyya irratti raawwatame waan ta'eef yeroo qorannaa keenya xiqqoo bilcheessinu sadarkaa sadarkaa isaaniitiin ni ibnina. BBC: Yeroo keessan fudhattanii gaaffiiwwan keenya nuuf deebisuu keessaniif galatoomaa. Gaaffii qabu kanuma. Yaada dabalataa dhuma irratti yoo qabaattan. Aadde Adaanech: Yaandi ani dhuma irratti qabu ammas siyaasni yoomiyyu addunyaarra ni jiraata. Jaarraan 21ffaa keessa jirru ammoo siyaasa karaa nagaatiin waldorgomanii yaadaan walcaalanii ummata amansiisanii gara aangootti ittiin dhufan waan ta'eef ummanni keenya waan kana madaalee, beekee nageenya isaa eegsisuu keessatti hirmaachuun wanta karaa seeraan alaatiin itti deemee badiidhaaf isa saaxilu kana qaamolee nageenyaa waliin ta'ee nagaa isaa yaa eegsifatu. Tasgabbiifi nageenyi biyyaa waan hunda dursa.
oduu-55810518
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55810518
Afaan Oromoo sirnoota mootummaa darban keessa ifatti ugguramee turee?
Afaan Oromoo afaan og-barruu, daldalaa, teeknolojiifi caasaalee garaagaraa ta'uun hanga barbaadamu akka hin dagaagneef, danqaraan seenaafi siyaasaa akka irra ture hayyoonni hog-barruufi dhimmoota eenyummaa ni himu.
Haatahu malee, Afaan Oromoo addatti kan miidhame hin qabu, sirnoota darban keessattis mootummaadhaan hin ugguramne ture, guddina afaanichaa guddina waliigalaa haalaafi yeroo sanarraa adda miti jechuun yaadoti wal faallessan yeroo ka’an ni dhageenya. Dhimma kana ka’umsa godhachuunis BBC Afaan Oromoo hayyuu og-barruu Afaan Oromoofi dhimma eenyummaa qo’atan iyyaafachuun seenaan maal akka himu odeeffateera. Tasfaayee Tolasaa (PhD) Yunivarsiitii Wallaggaatti barsiisaa Seenaafi Daarektara Dhaabbata Qorannoofi Qo’annoo Oromooti. Afaan Oromoo sirnoota darban keessatti ugguramuun waan ‘falmisiisaa’ mitii jechuun jalqabu. Bara Miniliik bulchuu jalqaberraa kaasee magaalota Oromiyaa keessa ‘namoota Afaan Amaaraa haasa’an qubachiisuun' ifatti dhorkuu baatanillee, hawaasni Oromoo naannoorraa gara magaalaa dhufu yoo Afaan Oromoo haasa’u ''itti kolfuufi qaanessuudhaan namni akka itti hin fayyadamne godhamaa ture,'' jedhu. Gara mana amantiitti yoo dhufnu ammoo ‘afaan booddeetti hafaa, afaan dhalli namaa hin haasofneefi abaaramaadha,’’ jedhameetu dhowwama ture. ‘Afaan seexanaati’ jedhamee hanga labsamuutti gahee ture jedhu. Yeroo gabaabduu Lij Iyyaasuun aangoorra turetti namoonni ija jabaatanii haasa’aa turan jiru, garuu inni ammoo aangoorra hin turre jedhu hayyuun Seenaa kun. Ifatti ugguramuu Afaan Oromoo Bara bulchiinsaa mootii Haayilassillaasee gaazexaafi labsiidhaan dhorkame jedhu, Tasfaayee Tolasaa (PhD). Fakkeenyaaf, 1944 A.L.A ‘Negaariit Gaazexaa’ irratti ‘waan biraallee hafee mishinaroonni Oromiyaa keessa deemanii barsiisan Amaarinyaa akka fayyadaman, yoo jarri hin dhagahanillee tahe turjumaana akka dhaaban jechuun labsiin bahee ture. Akkasumas, bara 1948tti 'Ministeerri Hizibaawwii Yenuroo Idiget' jedhamu Negaariit Gaazexaa keewwata 15 irratti kan ittaanu kaa'ee ture: ''Afaanoti biroo badanii afaan tokko yoo uumame malee tokkummaa Itoophiyaadhaaf rakkoo gatii taheef, keessumaa Afaan Oromoo rakkoo guddaa waan uumuu danda’uuf Amaarinyaan akka bakka bu’u labsiin taa’ee jira,'' jechuun waan qorannoo isaaniin adda baafatan ragaa bahu. Maxxansa Nagaariit Gaazexaa waa'ee itti fayyadama afaanii ''Afaan kun xiinsammuu namootaan akka jibbamu gochuurraa hanga afaan mootummaa hin taanetti dhorkamee ture,’’ jedhu. ‘'Afaan tokko hin ugguramne kan jechisiisu namni bilisaan yeroo dhimma hawaasaa hanga mootummaatti itti fayyadamuu danda’edha.'' Bara kufaatii Haayilesillaasee jala qorataan gameessa Seenaafi Antirooppooloojii kan ta'an Piroofeesar Paul Baxter jedhaman Naqamtee kana dhufanii mana murtii taa’anii hordofaa turan jedhu. Aabba Baakistar mana murtii booda kana barreessan: ''Daanyaan, abukaatoo, abbaa alangaafi himatamaan Afaan Oromoo beeku garuu himatamaan abukaatoonsaa sirriitti waan inni barbaade himuufi yoo didu, Afaan Oromoon dubbannaan 'dhaddacha salphifte' jedhameetu hidhaan ji'a ja'aa itti murtaa’e.'' Kana eerunis, "kanarra ugguramuun maali?" jedhu Dr. Tasfaayeen. Piroofeesar Baakistar bara 1978tti keewwata barreesseen ''Afaan Oromootiin akka hin maxxafamne, hin lallabamne, hin barsiifamneefi miidiyaan akka hin tamsaafne beekamtii mootummaa dhorkamee ture,'' jedheera. Jalqaba bara Dargii keessa gaazexaafi raadiyoon Afaan Oromoo fayyadamuu eegalanillee ‘harcaatonni’ bara Haayilessillaasee akka itti fufu hin taasisne ture. Boodarra namoota afaan kana dagaagsuu yaalan gara ajjeefamuufi gidirfamuutti galan. Kanaaf ‘uggurameera’ jecha jedhu hin fayyadamiiniyyuu malee dhorkamuusaa kan agarsiisu gaazexoota Biraaninnaa Salaam, Nagaariit Gaazexaafi Addis Zaman irratti galmeeffameetu jira jedhan. Onasmoos Nasiib fa’i akkamiin Afaan Oromoo fayyadaman? Dr Tasfaayeen Onasmoos fa’i si’a sana gara biyyaatti galuuf marsaa shan erga yaalaniin boodadha jahaffaarrtti biyya galuu kan danda’an jedhu. Yeroo biyyatti galanis Afaan Oromoon barsiisna jedhanii hin galle. Erga biyyatti galanii boodas afaan ‘eebbifamaa’ hin taaneen Macaafa Qulqulluu barsiisu jedhamuun himannaan irratti ka’ee ture. Sababii Dajjaazmaach Kumsaa Morodaafaan aangoo qabaniif afaanichi naannoo Naqamteetti babal’achuu danda’e jedhu. Akkasumas, gama weelluudhaan yoo ilaalle jedhu Dr Tasfaayeen sirba naannoo Shawaa faayidaa mataasaaf mootummaan sirbisiisuun alatti afaanichaaf iddoo kennaa hin turre. ''Fakkeenyaaf, yeroo sana gareen weelluu Afran Qalloo sirba isaanii raadiyoodhaan dabarsuudhaaf birrii 30 akka kaffalan gaafatamaa turan,'' jedhan. Baroota kunneen keessatti aangoo qaban hundumaan ''Afaan Oromoo gadi-qabamaa malee iddootti deeggarame tokko hin jiru,'' jedhu ogeessi kun. Akkasumas, Afaan Oromoo godina tokkoo, afaanota biroo waliin wal-makee, kan godina biroo waliin walii galuuf akka rakkisu gochuuf ogeessa afaanii biyya alaatii fidaniiti irratti hojjechaa turan jedhan. Afaan, eenyummaafi siyaasa Sabooti akka Oromoo kana dura afaan barreeffamaa hin qabne, aadaa isaanii afaan isaanii gumbii eenyummaa isaanii keessatti kuufatanidha. Eenyummaa isaanis kan isaan addatti agarsiifatan afaan isaanii keessattidha jedhu Dr. Tasfaayeen. ‘’Mootummaan ammoo ummata kana salphaatti of jalatti bulchuudhaaf, jalqaba eenyummaasaa geeddaruudha kan barbaadu. Kunis hawaasni yaada 'ani gad-aanaa, inni na bulchu olaanaadha,' jedhee akka amanuu dirqisiisa.’’ Haala kanaan qabeenyasaa akka barbaadan itti fayyadamuuf isaaniif mijata jedhan. Mala bulchiinsaa akkasii ammoo koloneessitoota bara sanaa kanneen akka Biriiteen fa’irraa ergifatan jedhu. Akkasumas, afaan kuni akkuma jiruun yoo itti fufe namoonni afaanicha haasa’an carraa hojii, barnootaafi kaanillee argachuun gara gidduugalaatti ni dhufu sodaan jedhus ture. Kanaaf, namni tokko dandeettii gahaa otoo qabuu sababii Afaan Oromoo qofa dubbatuuf hojii dhabuu mala jedhu. Naannoo magaalaatti Oromoon baay’inaan kan hin argamneef keessaa kuni sababa tokko jedhan. Beektonni dhimma afaanii qoratan, imaammatni afaanii qajeelfama jijjiirraa, itti fayyadamaafi rakkoo afaanii waliin dhufu furuuf kan fayyadudha jedhu. Haatahu malee, hawaasa tokko keessatti gareen olaantummaa qabu ilaalchasaa itti fufsiisuuf imaammata afaanii itti fayyadamuu mala jedhu hayyuun kun. Biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti imaammatni afaan tokko yoo deeggaru afaan isa kaan gad-qabaa ture, kan Itoophiyaas kanarraa adda akka hin taane himu. Tokkummaa biyyaa fiduuf jecha taasifame inni jedhamus, ''isa kaan balleessanii afaan tokko fe’uudhaafi olaanaa taasisuuf kan tahe malee waan dhugumaan Itoophiyaan qabdurratti hundaa’anii mitii tokkummaa sana fiduun kan yaalamaa ture,'' jedhan. Seenaa Imaammata Afaanii Itoophiyaa Qorattoonni Jimmaa Yunivarsiitii Geetaachaw Antanahiifi Yunivarsiitii Finfinneerraa ammoo Derrib Adoo Jakeelee bara 2006tti, Imaammata Afaanii Itoophiyaa: Seenaafi Haala Ammaa jedhuun keewwata barreessaniin dhimma kanarratti ragaalee barreeffamaa kanneen dura qorataman xiinxalaniiruu. Kanaanis Afaan Oromoo 'ugguramee' ture waan jedhu ibsuu baatanillee Amaarinyaan bara mootii Tewodiroos irraa qabee ''Gi'iizii duraan faayidaarra oolaa ture bakka bu'uun afaan og-barruu akka tahu mootichaan jabeeffamaa ture,'' jechuun ibsu. Mootichi Miniliikis yaada Itoophiyaa tokkummeessuu Tewodiroos irraa fudhachuun itti fufsiisuuf jalqabaniin, "Imaammata itti fayyadama afaan qeenxee jabeessu fayyadamuun hayyootaafi bulchiinsota naannoo kibbaa, baha, lixaa Itoophiyaa afaanichi itti dubbatamee hin beekne akka qaqqabu taasifame." Haata'u malee, yeroo mootii Haayilesillaasee bara 1944 qajeelchi sochii barumsaa mishinarootaa to'atu bahe. "Amaarinyaan afaan barnootaa waliigalaa ta'a mishinaroonnis afaanicha barachuun akka barsiisan ibsa." Imaammatni afaan qeenxee bulchiinsa, mana murtiifi barnoota irratti hojiirra oolera. Bara 1955tti heerri biyyattii haara'e ammoo Amaarinyaa afaan idilee biyyattii taasiseera. Bara Haayilessillaasee keessa, "imaammanni afaan qeenxee seektara barnootaan kan daangeffame qofa osoo hin taane afaan seera-qabeessi mootummaan beekamtii qabu Amaarinyaa qofa taheeti ture." Bara Dargii keessa Afaan Oromoofi Amaarinyaa dabalatee afaanota 15 Itoophiyaa biroon duulli barnootaa kennamuuf murteeffamus sababa hanqina leecelloofi humna namaan hafeera. Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo afaan hojiifi barnootaa seera-qabeessa kan tahe erga mootummaan ADWUI dhufeen boodadha kan jedhan Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa afaanii kan ta'an Dr Tolamaariyaam Fufaati.
oduu-41860655
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41860655
Shamarran Chibook: Yaadannoo shamarran to'annaa Bookoo Haraam jala yeroo turanitti katabame
Shamarreewwaan baatii Caamsaa gadi dhiifaman keessa tokkoo wayita to'annaa garee milishoota Bookoo Haraam jala turte, waggoota sadiif attamiin yaadannoo qabachaa akka turte gaazexessituu Adaa'obii Tirishiyaa Niwaa'ubaaniitti himtee jirti.
Naa'oomii Adamuu wayita bara 2014 barattooota shamarraan irra caalaan isaanii kirisitiyaana ta'an 200 waliin garee Bookoo Haraamiin fudhatamanitti shamarree umurii waggaa 24 turte. Isaaniin butamuun gara bosoona Saambiyaa kaaba-baha Naayijeeriyaatti argamuu geeffamuun isaanii yakka addunyaa guutuu yaaddesse ta'ee tureeera. Tibbaa to'annaa jala turanittis, daree barnoota quraanaa akka ittiin hordofaniif barruleen kennameefii ture. Garuu, shamarran muraasni barruulee kana yaadannoo itti qabachuuf itti fayyadaman. Wayita milishoonni harkatti argan barrulee kana akka gubaniif dirqisiifamu ture. Durbe Adamuun garuu kan ishee dhoksuu dandeessee jirti. Isheefi hiriyaan ishee Saaraah Saamu'eel kan umuriin waggaa 20 fi shamarran sadi kan biroos mudannoo isaanii yaadannoo itti qabachuuf barruleechatti fayyadamaa turan. Seensi yaadannoo kan barreeffamee afaan Ingilizii salphaafi afaan Haawusaa baay'ee gaarii hin taaneeni. Guyyaan irratti barraa'u baatu iyyuu, barreessu kan eegalan ji'oota jalqabaa itti to'annoo jala oolan irraa eegaluunii dha. Baay'ee isaanii keessaa 10 qofti akka itti anuun wal duraa dubaan isiniif dhiyaata. Qubeefi sirni tuqaawwanii sirreefamaniiru. 1) Gochi buttaa raawwatame kan itti yaadame hinturree Milishoonni Ebla 14, 2014 barattoota Chibook butan, kan dhaqan garuu 'kutaa motaraa' haatuuf yaadanii akka ture yaadannichaan barraa'eera. Garuu maashinii attamii barbaacha akka ture wanti adda bahe hin jiru. Torban muraasaan dura garuu hojiin ijaarsaa gaggeefamaa tureera. Kanaafuu, maashina ittiin simiintoon tolfamu haatuuf ta'u mala. Kunis maashinichi meeshaa waraanaa itti tolchuufis waan oluufi. Garuu, wayita isa argachu dhabanitti barattoota gareedhaan walitti qaban maal gochu akka danda'an mari'atan. Erga filannoowwan sukanneessoo baayyee yaadaniin booda, shamarran kanneen isaan waliin fudhatanii deemuuf murteessan. ''Jidduu isaanittis wal loluu eegalan. Mucaa inni xiqqaan tokko walitti qabuun akka nu guban itti hime. Lakkii gara Saambiyaatti of waliin fudhannee yaa deemnu, jedhee kan biraa. 'Lakkii akkas hin goonuu, yaa isaan qajeelchinutii isa booda gara mana warra isaaniitti yaa deebii'an. Osoo wal dhabaa jiranu isaan keessaa tokko ammoo, 'Ani konkolaataa duwwaa dhufee duwwaa hindeebi'u, yoo walitti qabuun [Abubaakar] hogganaa Bookoo haraam nama ta'etti, erga isaan geessiinee booda inni waan isaan godhu beekaa jedhee.'' 2) Himuu seenaa baqannaa ittise Looltoonni Bookoo haraam motara hatuuf dhaqan, waan dhanqaniif dhabnaan shammarran 200 mana baruumsaa keessaa ukkaamsuun fudhatanii deebii'an. Isaan booda hoo maaltu ta'e? Dubaroonni muraasnis nama barumsaatii konkolaataa milishootaatti yoo fa'eeman, baayyeen isaanis qaaxaan qawwee itti qabamuun hanga konkolaatoonni biraa baayyeen dhufanii isaan fudhanitti akka miilaan adeeman taasifaman. Yaadannoowwan eenyuutu barreessee? Gara bosoona Bookoo Haaraam itti dhokatuutti osoo deemaa jiranuus, yoo barattoonni muraasni konkolaataa irraa utaaluun harkaa miliquu eegalan intalli tokkoo warra isaan butanitti himte. Tarii qofaatti hafuu soodaachu irraa ka'uun ta'u mala. Yookanis abbaa taayitaa kamiifuu abomamuuf ykn dararama keessatti waliin turu barbaaddee ta'u mala. "Dubarri konkoolaataa keessa turte tokkoos, ''Konkoolaachisaa, shamarran tokko tokko baqachuuf utaalaa jiru,' jette. Isaan boodas konkolaachisaan dhaabuun karra banee baatiiriidhaan barbaacha isaanii deeme, garuu eenyunuu argachu hindandeenye. Kanaafuu, bakka tokkoo turuu akka qabaatan itti himan. Yoo ammas kan utaananii bu'u yaalan ta'e isaan argan akka itti dhokaasan itti hima.'' 3) Gara jabinaan gowwomsuu Milishoonni Bookoo Haaraam ijoollee dubaraa butaman irratti gowoomsoo gara jabiinaa baay'ee taphataniiru. Maatiin isaanis Bookoo Haaraamiin akka waan qabamanii fakkeessuun gowoomsaa turan. Wayita tokkos shamarran kiristaana isaan isilaamaa irraa fo'uun, isaan gara isilaamaatti geeddaramuu didan gaaziin akka isaan guban doorsisan. "Isaan booda gara keenya dhufuun, 'warri isilaama taataniif amma yeroonsaa kan kadhannaati,' erga isaan kadhannaa taasisaniin boodas, 'Kanneen isilaama taatan gara tokkotti goraa, warri kirisitaana taatanis gara biraatti fo'amaa,' nuun jedhan." ''Sana boodas jarikaana konkolaataa keessatti agarre, nutis boba'aa konkolaataa seene. Isaanis, ''eenyuufi meeqa keessantu gara isilaamaatti geeddaramuu barbaada nuun jedhan." Sababii baay'ee keenya keessa sodaan waan jiruufuu, muraasni keenya ol ka'uun gara keessatti adeemne... 'isin warri haftan du'uu barbaaddu, kanaaf miti isiin isilaama ta'u kan hinbarbaanneef, isiin gubuuf jenna nuun jedhan.... 'Kana boodas jarkaanii nuti boba'aatu keessa jira seenee sana nutti kennan. Garuu boba'aa hinturre, bishaanitu keessa ture malee.'' Milishoonni Bookoo Haaraam ijoollee dubaraa butaman irratti gowoomsoo gara jabiinaa baay'ee taphataa turuu isaanii kutaa yaadddannoo kalleessaa keessatti isiin dubbisiifnee turre. Har'aaf ammoo yaaddannoo shamarree kannneenu kutaa afuri keessatti maal nutti himu laata? Mee walumaan yaa dubbifannu. Shamarran kunnenis yaadannoo isaanii lafa keessa awwaluun ykn butaantaa isaanii keessa dhuksachuun turan kan tursiifatan. 4) Milishoonni komiiwwan dirqiin gudeedan jedhutti baayyee aaran Akkuma gaaffii fi deebii duraa keessatti caqafame, dubaroonni Chibook muraasni, balaa dirqiin quunnamtii saalaa irraatiif hin saaxilamne. Akkasumas akka itti herumaniifis hindirqisiifamne. Garuu darbee darbee jallatanii akka itti heerum amananiif ni garafamu turan. Muraasni isaan ammoo akka sanyuu beekamaniitti fudhatamaa turan. Yaaddannoowwan kunneen akka agarsiisanitti, milishoonnis oduu midiyaaleen biraatiin shamarran gudeedaa jiru jedhuun dabarfametti baayyee aranii turan. Ogganaan garichaa, Abubaakaar Sheka'u waa'ee kanaa yeroo baayyee dubbate ture. Jalqabas ergaa warraabbii kaasseetaatiin dubaroonni kanneen akka dhagahan taasifameere. ''Yoo galgalli gahuus walitti nu qabuun, erga nutti lallabaniin booda kaasseetta nuuf saaqan. Kaasseettichis ogganaa isaanii Mr. Abubaakaar Sheeka'un biraa ergamu isaa nutti himan.... Isaan boodas ''butuun waan asi isiin fidneef qofa jecha waa'ee daandii Waaqaa isiin barsiisaa jirra. Kana malees, maatiin keessanii fi motummaan akkasumas manni baruumsaa keessan nutti bohaa jiru. Isaanis akka waan nuti isiin gudeedaa fi hojii badaa isiin irratti raawwataa jirrutti haasa'u… Nuti kan isiin asi finneef garuu waa'ee daandii 'Allaah' isiin barsiisuufiidha.'' jedhan. 5) Hijaaba qoramuu ittisuuf Milishoonni, shamarran kunneen akka isaan hin qorreef, yeroo maraa hijaaba uffatanii qaama isaanii akka haguugan gaafatuun ture. Yaadannoo iccitii shamarran Chibook "Quraana bane dubbisuu eegale, kutaa akkas jedhus bane dubbise, wayita waraana jihaadii namootni isaan booji'an yoo jiraate,waan barbaadde gochuu dandeessa, murteen keeti…Garuu nuyi hijaaba kan nuu kennan akka qaama keenya hin agarrefi. Kunis dogoggoranii waan badaa akka hin raawwanneefi" 6) Gaaffii gaa'elaa Gaaffiin gaa'elaa hidhattoota irraa yeroo baay'ee kan dhufu yommuu ta'u, humnas ni dabalata. "Dubartiin tokko gara kutaa keessa jiru seenuun waa fudhachuu barbaadde. Achiis Maalaam Ahimad [hidhattoota keessaa tokko] dhufee, waa'ee gaa'elaa gaafate. Isheenis, 'hin fedhu.' jette. Innis, 'Waa'ee heeruma kanaa murteen ke maalinni?' jedhee gaafateen. "Isheenis hin ta'u jette. Akkamitti Mana Barnootaa Dubartootaa Mootummaa -GGSS Chibook jedhamu irraa ukkaamsanii gara Saambisaatti fidanii waa'ee gaa'elaa itti haasa'u. Akkamitti itti heerumti - abbaa fi haatishee, adaadonni ishee a kkasumas hiriyoonni ishees kana quba hin qaban… Ergasiis, sitti heerumuu didee yoon Rabbii koo duwwaa nan hordofa yoo ta'e, kun gaarii mitii? Jettee gaafatte. Innis, 'lakkii kun badaadha' jedheen. Muraasnis akka yaadasaanii jijjiraniif dhiibbaan irra gaheera. "Namoonni konkolaataa [minibaas] Hilux'in ennaa dhufan argine. Achis eenyutu heerumuu akka barbaadu gaafatan. Dubarri dhugumaan Musliima taate, kan amanticha harka lamaan jabeessitee qabde kamuu heerumuu qabdi nuun jedhan. Daqiiqaa 30 nuu kennan, namuu ni callise. Sa'aatii tokko boodas namni dubbate hinturre.'' Naawomii Adaamuun akka natti himtetti, warri heerumuu didan akka garbaatti ilaalamu turan. 'Guyyuu, nu reebu. Akka itti heerumnu nitti himu, yoo didde si tumuutti ka'u. Haadholii warraa isaaniif kafana miiccinaaf, bishaan waraabnaaf, waan hundaa hundaa dalagnaaf. Garboota turre.'' 7) Warra miliqan, jiraattonni naannoo deebisan Akka idil addunyaatti duulli Dubartoota Keenya Nu Deebisaa [Bring Back Our Girls] jedhu adeemsifamaa tureera. Namoonni bebbeekamoon kanneen akka Giiftii Duree Misheel Obaamaa dabalatee irratti hirmaatanii turan. Haa tahu malee, jiraattonni naannichaa tokko tokko garuu dubartoota hidhattoota kana biraa miliqanii badan deebisanii kennan. "Gaaf tokko dubartoonni muraasni fiiganii badan. Miliquuf yaalii taasisanillee hin dandeenye. Namoonni sunniin qaban. Akkaataan itti qabamanis, suuqii tokko galanii, gargaarsa gaafatan. Bishaaniifi biskuuta akka kennaniif gaafatan. Namoonni kunniinis, "Isin eenyu? Eessarraa dhuftan?"jedhanii gaafatan. Dubartoonnis, 'Nuti warra Bokoo Haraam GGSS [Mana Barnootaa Dubartootaa Mootummaa] Chibook irraa nu ukkaamsee nu fudhatedha.' Achis namni tokko, 'Kunniin ijoollee Sheekaawuu mitii?' jedhe. ''Achiis nyaataa fi iddoo ciisichaa kennaniif. Guyyaa itti aanutti gara iddoo dhufanitti deebisan… Galgala gara yeroo Saambisaa qabanii fidan, garafanii morma isaanii irraa akka kutan dorsisan.'' 8) Tapha amantaa jijjiiruu Dubartoonni kunniin yoo amantaa isaanii gara Islaamaatti geeddaran, gara maatii isaanitti akka deemuu danda'an itti himame. Warreen amantaa jijjiiran, warreen hin jijjiirre qabamanii turuu isaaniif sababa waan taatan jedhuun. ''Warri amantaa Islaamaa hin fudhanne, akka hoolotaa fi saawwan akkasumas re'ootaati waan taheef... ni ajjeesna jedhan. Achiis Maalaam Abbaa [hidhattoota keessaa tokko] warreen Musliima hintaane gartokkeetti akka adda bahan. Kanneen Musliima tahnitti akka hin makamne. Gartokkeetti akka dhaabannu nutti himan - isaanif iddoo biraa akka qopheessan himan. Namni biraa kun hin ta'u, walumaan turuu qabu jedhe. Erga deemanii torban tokkoon booda, nuti warri Musliima hintaane akkas jenne - numatu gara mana keenyaa akka hindeebine of dhorkaa jira.'' Dubartoonnii fi haadholiin warraa milishoota Booko Haraamin erga qabamani booda gadhiifaman hawaasichi waan qollifateef fuulli isaanii akka dhokatu ta'e 9) Akkaataa viidiyoon itti waraabame ''Dubartoota 10 ta'an muka Tamarind jalatti qabani viidiyoo isaan waraaban. Tokko tokkon maqaa isaanii waamani, maqaa warra isaaniis gaafatani. osoo waraabani achii 'Isin midhneerraa?' jennaan, 'Lakki,' jenne. Waan nurratti hojjetamaa jiru maatii kenyaafi mootummaaf akka dubbannu nutti himan. Mootummaa fi maatiin keenya akka nu gudeedaa fi nu jeeqaa jiran dubbatu. 'Kanaafuu, nu keessaa tokko waamani gaafatan, 'Erga isin bunne bakka kana isin fidne sin gudeedne ykn isin waliin ciisnee beeknaa?' Isheenis 'Lakki' jette. Ammas gaafate…'Waan isinii goonee fi isin kunuunsaa jiraachuu keenya mootummaa fi maatii keessanitti akka dubbattan barbaanna.''' 10) Milishoonni oduu sirriitti hordofu Yeroo tokko tokko hidhattoonni erga oduu dhaggeeffatani booda viidiyoowwan waraabamu. ''Takka turani oduu BBC Haawusaa dhaggeeffatan. Achii tokko tokkon nu waaman. Gar tokkon kenya akka dhaabannu, kaan akka jilbeeffannu, gariin akka teenyu(osoo waraabani) nutti himani teenye. ]Ergasii 'Barreeffama Islaamaa]' dubbisne. '' Barreessitoonni maal ta'an? Naa'omii Adaamu fi kaan sadii waan isaan mudate barreessan - Rodaa Pitar, Saraatu Ayubaa fi Margaaret Yaamaa - ji'a Caamsaatti gad-lakkifaman. Mootummaan Yunvarsiitii Ameerikaa Kaaba-bahaa Naayijeeriyaa magaalaa Yoolaa argamutti baatii Fulbaanaa dhaqani akka baratan erge. Maatii ijoollee torba qabu keessaa lammaaffaa kan dhalatte Adaamun waan barreessite maatii isheef ol kaa'uu ishee dubbatte. ''Akka hin daganneefin barreesse,'' jetti. ''Obbolaankoo dhiiraa, dubaraa, maatiin koos akka ilaalaniifan barreesse.'' Harmeen Adaamu adde Koloo dubbisuu hin danda'an garuu waan barreefame quba qabu Hiriyaan ishee Saraah Saamu'el garuu hamma yoonaa hin deebine. Kuni isaan gaddisiisa. ''Baay'een gadde. Baay'ee. Waa'ee isheen yaada.'' Turtii isaanii waggaa lamaa keessatti yeroo lolli isaanitti ka'e waan looltonnii Bokoo Haraam nyaatani jiraatan jalaa waan citeef isa dandamachuuf heerumte. Heerumuun ishee abbaa warraa ishee loltuu Bokoo Haraam waliin kaampiiti bahani bakka nyaata gaha argatanitti jireenya gaarii akka jiraattu yaaddee turte. Haa ta'u malee, dubartoonni heeruman tokkon isaaniiyyuu hin gadhiifamne. Abbaan ishee Saamu'el Yaagaa intalli isaanii osoo qabamte jirtu barreessuun ishee hammana isaan hin ajaa'ibne. ''Yeroo hunda barreessiti. Takka takka osoo dubbistuu rafti,'' jedhan. Xumura baruullee yaadannoo ishee irratti maqaa obboloota ishee shan tarreessite: ''Maqaan abbaakoo Saamu'el maqaan harmeekoo immoo Ribiqaa dha.'' Akka dagachuu hin barbaanneetti jechuudha.
oduu-56106462
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56106462
Labsii sabaa himaalee haaraatiin gaaffileen mana maree miidiyaa kamitu deebii argatan?
Wixineen labsii sabaa himaalee haaraa mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhiyaatee raggaasifamuun isaa ni yaadtaama.
Labsii kana dura garuu A L I bara 2012 ji'a Hagayyaa keessa manni maree ministirootaa Imaammata Sabaa Himaalee Itoophiyaa mirkaneessee ture. Labsiichi ammaa kun Itoophiyaatti yeroo jalqabaatiif mirkanaa'ee kan hojiirra oole ture. Imaammatichi fooyya'insi seera sabaa himaaleen duraan ittiin bulaa turan raggaasifamee osoo hin ba'iin dura ba'uun isaa ni yaadtama. Imaammatichi miidiyaalee maxxansaafi kan biroodkastingii dabalatee kanneen kanaan dura seerata sabaa himaalee keessa hin jirre, kan marsariitiifi miidiyaalee hawaasaa akka damee sabaa himaaleetti hammata. Imaammaticharratti miidiyaan Itoophiyaa bifa akkamii qabaachuu akka qabu, kallattii kamitti deemuu qaba, deeggarsi mootummaa hanga kamiitti ta'uu akka qabu qabxiiwwan agarsiisan of keessaa qaba. Hirmaannaan mana maree sabaa himaalee, wixinee labsichaarratti maal ture? Manni Maree Sabaa Himaalee Itoophiyaa waraqaa ragaa(certificate) seeraa argatee biyyattii keessatti hojii kan jalqabe hanga tokko tureera. Miseensonni mana marichaa gaazexeessitootaafi waldaaleen ogeeyyii sabaa himaalee dhuunfaafi mootummaa keessa hojjetanidha. Dhimmoota ijoo manni marichaa milkeessuudhaaf karoorfate keessaa in guddaan, gaazexeessitoonni naamuusa ogummaan kun gaafatu eeganii akka hojjetan taasisuu akka ta'e miseensaafi barreessaa ol-aanaa Mana Maree Sabaa Himaalee Itoophiyaa Obbo Taammiraat Hayiluu BBCtti himeera. Seera pireesiirratti fooyya'insa taasisuudhaaf Abbaa Alangaa Waliigalaa jalatti gareen tokko hundeeffamee hojjechaa akka ture Obbo Taammiraat ni dubbata. Hojiin dhaabbataa garee kanaa ammoo seera pireesii duraan turan keessatti rakkoowwan mul'atan maal turan kan jedhu qorannoodhaan adda baasuu akka ture hima Obbo Taammiraat. Qorannoo kanaan ammoo daangaafi raawwiin seeraa adda baafamuun isaanii kan dubbatu Obbo Taammiraat, gaazexeessitoonni gara garaa qorannoo kanaaf galtee kan ta'u gumaachaniiru jechuun ibsa. Isaan booda rakkooleen adda ba'anirratti erga mariin tasifameen booda wixineen seeraa inni haaraan kun qophaa'e. Wixineen kun yeroo mariif dhiyaatee turetti ogeessonni, miseensonni paartii siyaasaafi kanneen biroo dhimmoota seericha keessa galuu qabaa ykn galuu hin qabu jedhanirratti marii walitti fufinsaan taasisuu isaanii yaadata. Dhumarrattis galteewwan bakka buutotarraa argame itti dabaluun wixineen isaa kora mana maree ministeerotaatti qajeelfame. Seerichi yeroo gara mana maree bakka bu'oota ummataatti qajeelfamee garuu yeroo mariin taasifamu kan keessa hin turreefi manni maree miidiyaas ta'e ogeessonni kan hin argiin keewwanni itti dabalamee argamuusaanii Obbo Taammiraat hin dhoksine. Dhimmoota kanneen irratti marii dabalataaf gaaffii yeroo gaafataa dhiyeessanillee,labsichi gara mana mareetti qajeelfamee guyyoota 15 keessatti mirkanaa'uu dubbata. Keewwatoonni Manni Maree Sabaa Himalee Itoophiyaa hubate isaan kam? Keewwatoonni Manni Maree Sabaa Himalee Itoophiyaa kan hundeeffameef dogongorri yeroo uumaman mootummaan gaazexeesitoota ar'ichuusaarra walii walii isaanii serreessuudhaafi wal gorsuudhaaf akka danda'amu yaadamee ta'uu kan hima Obbo Taammiraat, kanaan dura miidiyaan yoo dogoggora hojjete kan hordofu Abbaa Taayitaa Biroodkasitiniidha jehuun ibsa. Kanaan dura manni maree kun waan tureef Abbaa Taayitaa Biroodkasitiniidha ergama kana ba'achuun isaa amansiisaa ture kan jedhu Obbo Taammiraat, amma garuu manni marichaa waan jiruuf imaammanni miidiyaa ergama kana akka ba'atu beekamtii akka kenneeruuf dubbata. Dhimmi walii walii to'achuu (Self-Regulation) jajjabeeffamuu akka qabu labsicharra akka jiru kaasuun, haata'u malee waggoota sadan itti aanan dogogorawwan sabaa himaaleen irratti mul'atan Abbaan Taayitichaa ni ilaala jedhamuun isaa, wixineen seerichaa imaammata poolisii waliin kan wal faakkessu ta'ee akka arge dubbata. Keewwata kana manni maree kun akka morme kan ibsu Obbo taammiraat, labsicharratti mana marichaas ta'e Abbaa Taayitaa Biroodkastingii adeemsa walii walii to'achuu waliin raawwataa turee dhumarratti qorannoo raawwii mootummaan fudhatuun itti-gaafatamummaa isaa mana marichaaf dabarsee akka kennu labsicharra taa'eera jedha. Yaadni gama mootummaatiin dhiyaatu manni maree miidiyaa sadarkaa inni yeroo kana irra jiru kana hojjechuuf kan isa dandeessisurra waan hin taaneef Abbaan Taayitaa Biroodkastingii yoo xiqqaate waggoota sadiitiif mana marichaa waliin ta'uun gaggeessuu qaba yaada jedhudha. Ta'us garuu sadarkaa manni maree miidiyaa irra jiru waggoota sadiin booda qoratamee hojiiniifi itti-gaafatamummaan walii waliin to'achuu guutummaan guutuutti gara mana marichaatti carraan itti darbuu danda'u akka jiraatu agarsiisa. Obbo Taammiraatfaaf garuu kun kan liqimfamuuf hin taane. Manni Maree Sabaa Himaalee Itoophiyaa bu'uura seera waldaalee hawaasaatiin kan hundeeffame dhaabbata bilisaafi walabaati kan jedhu Taammiraat, haalli mootummaan ittiin nu gamaggamuu danda'uuf hin jiraatu jechuun ibsa. Kana waan ta'eef, keewwanni labsii kanaa kun gaaffii walabummaafi bilisummaa kaasa jechuun akka foyyaa'uuf gaafatanillee mootummaan sababoota gara garaa dhiyeessuudhaan osoo isaan hin fudhatiin hafuu kaasa. Kana waliin walqabsiisee dhimmi biraan morman, Abbaan Taayitaa Biroodkastii dambii naamuusa hojii sabaa himaalee biroodkastingii ni baasa keewwata jedhudha. Labsii haaraa kanaanis Abbaan Taayitaa Biroodkastii maqaan isaa gara Abbaa Taayitaa Miidiyaa kan jedhamutti jijjiirama. Manni Maree Sabaa Himaalee Itoophiyaa hunda caalaa kan inni hundeeffameef, dambii naamusaa eegsisuufi sabaa himaaleen sadaraa isaanii eeggatan biyya keessatti akka guddachaa deeman ta'uu ibsa. Akka Obbo Taammiraat jedhanitti, dambii naamusaa baasuun hojii ogeessotaafi abbootii qabeenyaa midiyaaleeti malee dhimmi mootummaa ta'uu hin qabu. Mootummaan seera, qajeelfamaafi dambii baasuu danda'ullee dambii naamusaa (Code of conduct) garuu ogeessonni ofii isaanii dambii sirreessan waan ta'eef ofiisaanii baasuu akka qaban dubbata. Obbo Taammiraat kana haa jedhaniyyu malee Abbaan Taayitaa Biroodkasti wixinee dambii naamusaa kana amma baasee raggaasisuuf qophiirra akka jiru namoota dhimmichatti dhiyeenya qabanirraa dhageenyeerra. Dambichi sadarkaa wixineerra jira. Dhimmi biroon Obbo Taammiraat kaasan dambiin naamusaa yeroo ba'utti addatti sabaa himaalee biroodkastii qofaaf osoo hin taane warra oonlaayinarraa ta'aniifi damee pireesiifillee kan tajaajilu ta'uu qaba. Ammallee dambiin naamusichaa miidiyaalee maxxansaa kan hin dabalanneefi sabaa himaalee biroodkastii qofaaf ta'uu ibseera. Obbo Taammiraati sericha keessa sadarkaa wixineetti yeroo irratti mariyatamaa ture kan keessa hin turre garuu yeroo mana maree ministirootaarraa gara mana maree bakka bu'oota ummataatti qajeelfamu qabxiin itti dabalameera jedhu kan biroonis jiru. Kanneen keessaa ammoo akaakuuwwan sabaa himaalee keessatti argamu. Yeroo mariin turetti akaakuuwwan sabaa himaalee sadii kan dhuunfaa, kan mootummaafi kan hawaasaa kanneen jedhaman jiraachuu isaanii qofa kan beekan akka turee kan ibsu Obbo Taammiraat, haata'u malee wixinee gara mana maree ummataatti qajeelfamerra kanan dura dhaga'ee kan hin beekne 'sabaa himaalee ummataa addaa' kan jedhu itti dabalamuu dubbata. Gosti sabaa himaalee haaraa itti makame kun gosa sabaa himaalee ammaa dhaabbileen labsii dhaabbata miti-mootummaa tol-ooltummaan galmaa'anii ta'uun isaanii eeramuu yaadta. Sabaa himaaleen kunneen kan socho'an maallaqa ummatarraa kennaatiin argamiinidha kan jedhu Obbo Taammiraat, dabalataaf gabaa beeksisaa keessa galuun isaanii sabaa himaalee dhuunfaa quucarsu yaaddoo jedhu qaba. Abbaa qabeenyummaa sabaa himaalee ilaalchisee namoonni lammummaa biyya alaa qaban gahee hanga harka dhibba keessaa 25 qabaachuu akka danda'an wixinee seerichaa keessatti eeramuusaa ibsa Obbo Taammiraat. Obbo Taammiraat manni maree isaanii kun lammii biyya alaaf walumaagalatti kennuu osoo hin taane kanneen hiddi dhaloota isaanii Itoophiphiyaa ta'e qofaaf gaheen akka hayyamamuuf kan jedhu falmii dhiyeessuusaanii yaadata. Kun gama nageenya biyyaalessaatiinis balaa waan qabuuf, falmiin isaanii fudhatama argatee imaammata haaraa irratti ifatti warra diyaasporaatiif qofa akka hayyamamu kaa'amuu isaa ibseera. Haata'u malee, wixinichi yeroo dhufu dhimmi kun labsicharratti osoo hin dabalamiin dhiyaachuun isaa yaaddoo akka itti uume dubbatu. Labsichi kan raggaasifame kun osoo hin foyyaa'iin taanaan gara duubaatti deebiyamee sirreessuu akka barbaachisu dabalee ibseera. Dhimmichi yaaddessaa ta'uu isaa yeroo ibsanittis lammiin Itoophiyaa tokko Masirii deemee abbaa qabeenyaa miidiyaa nan ta'a yoo jedhe akkuma hin dandeenye, abbaan qabeenyaa Masiriin tokkos Itoophiyaa keessatti miidiyaa keessatti gahee yoo qabaate birmadummaa irratti balaa akkamii akka qabaachuu danda'u ibsa. Yaaddoon kun akkuma jiruttti ta'ee, yeroo sadarkaa wixineetti mariidhaaf dhiyaatee turetti akka ibsametti gahee sabaa himaalee qabaachuu ilaalchisee lammileen biyya alaafi dhalattoonni Itoophiyaa walqixa akka hin ilaalamne taasisu akka jiru ka'ee ture. Yakka maqaa balleessuu "duriifi amma" Akka ibsa Obbo Taammiraatitti, seerri pireesii foyyaa'e kun miidiyaadhaan maqaa balleessuu itti gaafatamummaa yakkaa hambisuun isaa garaa garummaa guddaadha. Labsii kanaan dura tureen garuu, gaazexeessitoonniifi sabaa himaaleen himannaan yakkaa akka irratti dhiyaatu yaadata Obbo Taammiraat. Labsii kanaan baqaa balleessuun akka yakkaatti ilaalamee gaafatamuun isaanii sirrii akka hin taane falmiin waan dhiyaateef fooyya'insi taasifamuu ibseera. Aadaafi afaan Itoophiyaa beekuu, biyyoota waliin hariiroon jiru dirqama ta'uu baatus, abbaa qabeenyummaa keessatti dursi akka namaa kennamu taasisuu akka danda'u keewwan keessa galeera. Kun ammoo tarii dhalattoonni Itoophiyaa gahee miidiyaa keessaa akka argataniif carraa isaanii akka bal'isuutti yaadamee akka waan gaarii tokkootti fudhatamuu danda'a. Abbaa Taayitaa Biraadkastii waliin faayidaan walitti hidhachuu Sabaa himaalee abbummaadhaan namoota qabachuu danda'an ilaalchisee hojjetoonni Abbaa Taayitaa Biroodkastii labsichaan dhiibamuu isaanii Obbo Taammiraat ni ibsa. Kunis kan ta'e faayidaan walitti hidhachuu hojjetoota Abbaa Taayitaa Biroodkastii hambisuudhaaf kan jedhuun akka sabaa himaalee keessatti gahee hin qabaanne labsichi ittisuusaati. Kun garuu Obbo Taammiraatiif dhimma biraa komii keessatti uumedha. Walitti bu'insi faayidaa jiraachuu kan hin waakkanne Obbo Taammiraat, kun garuu aanga'oota Abbaa Taayitichaa sadarkaa murtee kennuurra jiraniif malee hojjetoota Abbaa Taayitichaa sadarkaa gadi aanaarra jiran waliin wal hin ilaallatu jedha. absicha keessa, "hojjetaan biroodkastii" gaaleen jedhu keessa jiraachuun hojjetoonni hundinuu hojii barbaadan irratti bobba'uudhaaf mirga qaban kan dhorkudha jedha. Labsii kanaan miidiyaalee hedduudhaaf dagaagina ta'a jedhamee garuu akka kufaniif sababa kan ta'e beeksisa dhabuu haala kamiin akka keessatti makame beekuun hin danda'amne. Sabaa himaaleen mootummaa baayyina beeksisa argataniirraa kan ka'e maamiltootaaf dabareen haalli itti kennan yeroo mullatutti sabaa himaaleen dhuunfaa garuu abjii fagoo itti ta'ee tureera. Kanaaf ammoo sababii tokko ta'ee kan ka'u dhaabbileen mootummaafi dhaabbileen misoomaa beeksisa dabarfachuudhaaf miidiyaaleen mootummaa filachuu isaaniiti. Wixinee sana keessatti beeksisni haqa qabeessa akka ta'uuf sagaleen baayyeen dhaga'amanii kan turan yoo ta'u hangamtu deebii argateera kan jedhu adeemsa keessa kan ilaalamu ta'a jedha. Labsiin sabaa himaalee haaraa Gaazexaa Nagaarit irratti waan hin ba'iin jiruuf komiin mana marichaa ykn yaadawwan ijaaroo ta'an itti dabalamaniiruu, isaan kamtu ammoo dhiifame kanneen jedhan tokko tokkoon baasuun hin danda'amne. Labsii haaraan kun miidiyaaleen biroodkastii ta'an qabiyyeen isaanii dhibba keessaa 80 kan ta'u biyyaalessa akka ta'u akka jajjabeessaniif dirqisiisa.
oduu-47649153
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47649153
Roobni bubbee makate badii geessise suuraan
Roobni bubbee makate daangaa Mozaampik, Maalaawii, fi Zimbaabuwe rukuteera. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani (UN) akka jedhutti balaa qilleensaan hemisfeera Kibbaa rukute keessaa isa badaa ta'u mala. Ummanni miiliyoona hedduu ta'u kallattii roobni bubbee makate jiru jiraatu. Kanneen keessaa magaalaan buufata doonii qarqara galaanaa Mozaampik argamtu Beyiraa jedhamtu haalaan miidhamte.
Hanga ammaa balaa kanaan namoonni 200 Mozaampikitti du'anis pirezidantiin biyyattii Filippee Niyusii garuu kana caaluu danda'a jedhu. Magaalaa Beyiraa (gubbaa ul'atu) irraa namoonni 100,000 ta'an baraarfamu qabu jedha mootummaan Mozaampik. Ammallee dhibba kan ta'an waan achi buuteen isaanii dhabameef, ummanni jijjigaa gidduu maatii isaa barbaadaa jira. Zimbaabuweetti (jala kan mul'atu) kanneen miidhaman sanduuqa reeffaa keessa yeroo baataman. Maatiin dhihoo owwaalcha erga takkaa raawwatuf bakka yeroo qixeessan: Riqichi laga umvumvuu guyyaa muraasa dura ture amma akkanatti baduu isaa namoonni bakkas jiraatan waan amanan hin fakkaatu. Keenyaan manneen waan jigeefi baaxiin waan qilleensaan fudhatameef jireenyaaf rakkisaa ta'eera. Daandiin waan caccabef gargaarsa geessuun rakkisaa ta'ee jira. Barattoonni mana barumsaa Zimbaabuwe Seent Chaarlis Luwaangaa jedhamu keessaa waraanaan baraaramaniiru. Karaan mana barumsaati itti deebi'an waan cufamef kara biraa dhoqqee keessa miila qullaa adeemaa turan. Ummanni balaa kanaan waan qabu hunda dhabe gargaarsa eegaa jira. Suuraan asin gadi ka'e akka mul'isutti lolaan badii guddaa geessiseera. Midhaan, manneeniifi jireenya hawaasichaa baleesseera. Suuraaleen hunduu mirga abbentaa qabu.
oduu-45867188
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45867188
Waldaa Haaromsa Finfinnee: 'Finfinnee dhugaa ganamaatti deebisuu...'
Mirga Oromoon gama diinagdeen Finfinnee keessatti argatuu malu, afaaniifi aadaa isaatti akka fayyadamuufi seeraan ala lafa isaa irraa buqqa'uu hambisuuf kan qabsaa'u Waldaan Haaromsa Finfinnee yaa'ii hundeeffamaa Dilbata darbe Finfinneetti taa'e.
Qabsoon Oromoo sadarkaa guduunfaa irra gahee jira kan jedhan miseensi koree qindeessituu hundeeffama waldicha Obbo Ayyalaa Dagaagaa, "qabsoon Oromoo guduunfame kan jennu gaaf Oromoon abbummaa Finfinnee mirkaneeffatedha" jedhu. "Hundaa'uun waldaa kanaas qaamumaa adeemsa abbaa biyyummaa Finfinnee mirkaneeffachuuti" jedhan. Waldichi akka dhaaba siyaasaa osoo hin taane akka waldaa hawaasaatti jiraattota Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraataniin hundaa'as jechuun BBC'tti dubbataniiru. "Dhimma diinagdee, aadaafi afaanii, dhimma buqqa'iinsa seeran alaa hunda irratti ni qabsaa'aa, yaada ni kenna, mootummaa waliin ta'ee hojjeta" jedhan. Haaromsa kan jedhu Finfinnee iddoo duraa, dhugaa ganamaatti deebisuu ibsa jedhu Obbo Ayyalaan. "Eenyummaa, afaanifi aadaa Oromoo bakka ganama turetti haaromsuu ykn deebisuu jechuudha" jechuun himu. "Cimaa Oromoo, Oromoo caalaa ormatu beeka" Yaa'ii hundeeffamaa kanarratti kan hirmaatan hayyuun seenaa fi aadaa Oromoo Obbo Dirribii Damusee, waldaan kun yaada Finfinneetti abbaa ta'uu of keessaa qaba jedhu. "Oromoo Finfinnee keessa jiru dammaqsanii walitti fidanii, isa afaan hin beekne afaan barsiisanii, onawwan Finfinnee maqaan irraa jijjiirame maqaa duriitti akka deebi'uufi walumaagalatti Finfinneetti abbaa ta'uu haasofne" jedhan. Akka Obbo Dirribiin jedhanitti Oromoon Finfinnee keessa jiru hedduun isaa Afaan Oromoos ta'e, Oromoo ta'uu isaas hin beeku. "Waldaan kun garee ergama fudhatee nama barsiisuufi kakaasu, bakka bakkattis hojii aartii agarsiisu yoo hundeesse Oromoo jabeessa" jedhu. Warri dur hora Finfinneetti irreeffatan, Finfinnee irra jiraatan, ilmaan Eekkaa, ilmaan Galaan amma eessa akka jiran hin beekamu kan jedhan Obbo Dirribiin kunis osoo qoratamee bira gahamee gaarii ta'a jedhu. Waldaan kun yaada bareedaa qabatee ka'e, dargaggeessa Oromoo biraas deeggarsa cimaa argata jedheen yaada jedhu. "Cimaa Oromoo, Oromoo caalaa ormatu beeka, kanaaf akeekkadhaati obsa godhadhaati kaayyoo keessan osoo hin dagatiin itti fufaan jedhaan warra waan kana eegaleen" jedhu Obbo Dirribiin. Beeksisa yeroo gabaabaa keessatti marsaa hawaasaan himameen namni kuma 3 ol fedhii guddaa agarsiisee yaa'ii jalqabaa irratti argameera jedhu Obbo Ayyalaa Dagaagaa. Yaada ijaarsa waldaa kanaa gabbisu yaa'icharratti kenname bu'uura godhachuun sanadni qophaa'ee qaama mootummaa dhimmichi ilaallatuuf gala, sana booda gara hundeeffama seera qabeessaatti deemama jedhu. Hojiin waldicha bu'uura seeraa qabsiisanii hundeessuu baatii lama gidduutti akka raawwatu Obbo Ayyalaan himaniiru.
oduu-50444710
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50444710
Walitti makamuu ADWUI xiinxaltoonni siyaasaa akkamiin ilaalu?
Koreen Hoji-raawwchiiftuu ADWUI har'a walga'iitti jira. Walga'iin kunis ajandaa walitti makamuurratti ni mari'ata jedhamee eegama.
ADWUIn osoo TPLF keessa hin jiraatiin walitti makamuuf jira kan jedhus dhaga'amaa jira. Kana waliin walqabsiisuudhaan xiinxalaa siyaasaa kan ta'an Adam Kaasee (PhD) akkasumas, aanga'aa ol-aanaa TPLF kan turan Obbo Gabruu Asiraatiin dubbisneerra. ADWUI'n ijaarama akka addaatti turerraa gara paartii walitti makametti imalli taasisu yeroo hedduu kan ka'aa ture ta'ullee qabatamatti hojiitti hiikamee hin mul'anne. Paartilee sabummaarratti hundaa'ani walitti dhufaniin kan uumame ADWUIn dhuguma walitti ni makamaa? Gaaffiin kun irra deddebiin ka'aas tureera. Dhiyeenya kana ammoo TPLF osoo keessa hin jiraatiin walitti makamuu danda'aa kan jedhu odeeffamaa jira. Xiinxlaan siyaasaafi miseensi TPLF buleessi duraanii kana jedhan. "Walitti makamuun ADWUI amma dhugaa ta'uun kan dhiyaate fakkaata" Adam Kaasee (PhD) TPLF irraa kan hafe paartileen miseensa ADWUI ta'an sadan mirkaneessaniiru jechuun aanga'aan Addichaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dhiyeenya kana miidiyaa biyya keessaaf ibsaniiru. Kun ammo kan agarsiisu, dhimmi walitti makamuu akkuma itti fufetti jira jechuudha jedhu Dr. Adam. Akka xiinxalaan siyaasaa kun jedhanitti, walitti makamuu kana TPLF mormaa turullee waan hafu hin fakkaatu. Adeemsa walitti makamuu kana tokko tokkoon ifatti wanti hanga ammaa beknu kan hin jirre ta'ullee, paartii haaraa walitti makamuun uumamuuf jiru kana gadi fageenyaan hubachuudhaaf rakkisaadhu jedhu. Keessumaa dhimmoota ifatti beekamuu qaban (kan akka dhimma Finfinneerratti) ODPfi ADPn murteewwan maalii akka fudhatan hin dhageenye jedhu. Walitti makamuun kun milkaa'ee paartiin haarawaa kun, walitti makamuun kunis bakka TPLF hin jirretti ta'uun, paartileen duraan deggertoota jedhaman kan akka Somaaleefi kan biroo waan itti makamaniif bakka bu'uu ni danda'u jedhan. Akka Dr. Adam jedhanitti wanti rakkisaa ta'u TPLF yoo walitti makamuu kana keessaa hafe, paartileen biroo isa waliin hojjetan barbaaddachuun isaa waan hin oolleef rakkoo uumuu mala. Naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti beekamaniifi bu'uurri hundeeffama isaanii sabummaa ta'ani isaa kan waliin walfakkaatan kan akka ABO, KFOfi ABIN waliin TPLF walbarbaaduu danda'u jedhu. Paartileen kunneen bu'uura saba keessatti hundeeffaman waan qabaniif isaan kana waliin hojjechuuf fedhiin jiraachuu mala tilmaama jedhu dhiyeessu hayyuun siyaasaa kun. Haata'u malee, naanno Oromiyaattis ta'e naannoo Amaaraa keessatti paartileen TPLF waliin waliif ta'an jiraatanillee, paartileen naannolee lamaan kanaa bulchaa jiran mormitoota naannolee isaanii keessa jiran waliin dubbachaa jiru. Kun ammoo kan TPLF waliin walitti dhufuu barbaadu jalaa xiqqessaa deemuu mala jedhu Dr. Adam. TPLF waggoota shantamman dhufan keessa naannoo sana keessatti jabaatee itti fufuu ni danda'a kan jedhan Dr. Adam, paartileen naannoo biroo keessa jiran waliin walitti dhufeenyaan hojjechuun akka yaadame salphaa ta'uu dhiisuu danda'a jedhu. "Carraan TPLF qofaa ta'uu bal'aadha. ADWUI waliin mari'achuun waliin itti fufuu ykn ammoo paartilee biroo waliin hojjechuuf carraan jiru rakkisaa ta'uu danda'a," jedhu. TPLF sadarkaa biyyaatti paartii dhiibbaa uumuu danda'u ta'ee itti fufuudhaaf paartilee gurguddoo keessa seenuun irraa eegama. Kana ammoo paartii ykn adda kamiyyu waliin ta'ee gochuu ni danda'a jedhu hayyuun siyaasaa kun. "TPLF ibsa baasu keessatti ni foxxoqna jedhee hin beeku. Akka sirna jiruutiin ammoo aangoo sadarkaa naannootti jiru gaafachuun waan yaraa miti," jedhu. Adeemsi walitti makuu MM Abiy gaggeessaa jiran kun dhimma namoonni hedduu mormii irratti kaasan ta'ullee haala gaariitiin yoo deeme, akkuma ministirri muummichaa irra deddeebiin kaasan paartileen xixiqqoo liqimfamanii paartileen yaada irratti gurmaa'an uumamuun isaanii hin hafu jechuun tilmaamu. Akka Dr. Adam jedhanitti ministitti muummee filannoo itti aanutti aangoorra turuu mirkaneeffachuuf naannoo isaaniitti carraan sagalee argachuu isaanii shakkisiisaa waan ta'eef yoo ADWUIn walitti makame naannolee biroorraa sagaleen argatan carraa isaanii akka ballisuufii danda'u himu. "Paartiin diigamuu danda'a, kun garuu hiree biyyaa murteessuu hin qabu," Obbo Gabruu Asraat Hogganaa olaana TPLF kan turan Obbo Gabruu Asraat dhimmi walitti makamuu yeroo ka'u waligalteen paartilee hundaa keessa hin jiru taanaan, paartii biyya bulchu keessa waldhibdeen akka hin jirre mul'isa jedhu. Biyyaa kamittu paartin tokko yeroo diigamu haaraan hundeeffamuu kan danda'u ta'uu ibsuun, adeemsi kun gara Itoophiyaa yeroo dhufu garuu maal uumuu akka danda'u akkanaan ibsu "Itoophiyaa keessatti paartiin biyya bulchu caasaa mootumma gutummaatti kan to'atufi uummatas to'achuu kan yaaluu waan ta'eef paartiin tokko yeroo dadhabu rakkoleen uumaman jiru." "Hundeessittota paarichaa afran keessa tokko kan ta'e TPLF [walitti makamuu] keessaa yoo ba'e, warri hafanis mari'atanii waliif hin galan taanaan rakkoon isaa kan uummataaf hafu ta'a." Siiyaasaa Itoophiyaa keessatti, ADWUI dabalatee paartileen kan wal morkatan odoo hin taane, kan bu'aadhaan walitti hidhaman akkasumas immo inni tokko isa tokkoon kan guufachiisa deemu ta'uu ibsuun " hanga ammattiyyuu paartiin biyya bulchuu waliigaluu fi tokko ta'uu dhisuun isaa Itoophiyaatiin gaatii baayyee kaffalchiiseera," jedhu. Obbo Gabruun, akka ka'umsaatti walitti makamuu akka hin mormineefi kanarrayyu ADWUI'n walitti makamuuf barfaateera jedhanii akka yaadan dubbatu. Ta'us garuu waligalteen osoo hin umaaminiifi tapha siyaasaaf jecha aariitiin walitti makamuun itti fufiinsa ni qabaataa? Jechuun gaafatu. ADWUI'n walitti makamuun yoo irra jiraate sagantaafi seeraa ittiin bulmaata waliinii qabaachuu akka haal dureetti kaa'u. TPLF walitti makamuu kanaratti hin hirmaadhu yoo jedhe mirga isaa akka ta'eefi rakkoo akka hin uumne dubbatu. Ta'us garuu dhimmi kun haalotaa rakkoo inni uumuu danda'u lama akkanaan kaa'u. "Tokkoffaa paariitileen hafan sadan kan ani jedhu qofa, ilaalchakoo qofa yoo fudhatan malee walitti hin makamu yoo jedhame dogoggoradha. Lammaffaan, ani walitti makamuu kana keessa hin jiru taanaan Tiigraay ni foxxoqxi adeemsi jedhuus dogoggora natti fakkaata." Waldhibdee paartileefi morkii aangoo gara uummataatti geessanii, ani aangoo kana keessa hin dhaabbadhuu taanaan uummatnis ni foxxoqa ilaalchi jedhu dogoggora ta'uu Obbo Gabruun ni ibsu. Kun karaa qabeenyaa, nageenyaafi karaa haariiroo diploomaasiis uummata Tigraayiif raakkoo guddaa kan uumuufi wanta uummati kun baayyee itti qabsaa'ee argates kan dhabamsiisu ta'uus ni dubbatu. "TPLF ilaalchasaa kan adeemsisu yoo itti fakkaate dhaabillee waliin walitti makamuuf mirga qaba. Paartiin diigamu danda'a kun garuu hiree biyyaa murteessu hin qabu. Biyyi diiqamuu danda'a jechuunu balaafamaadha," jechuun ejjennoo isaani ibsaniiru. TPLF akka paarii morkataatti itti fufuu danda'aa? Jechuun gaaffii nuti dhiyeessineef, maarii fi waligalteen yoo hin jiraanne paartii keessa ba'anii ejjennoo ofii adeemsiuun siyaasa keessa ka jiru ta'us, ammatti TPLF haalaa dadhabaa keessa kan jiru ta'uu ibsuun: " ilaalcha amma hordofu qabatee uummata waliitti niiqaba yaada jedhu hin qabu " jedhaniiru. Iddoo wiirtuu dhaabni ture akkamiin yeroo gabaabaa keessatti diigame? kan jedhu yaadamuu qaba kan jedhan Obbo Gabruun rakkoo kana dhaabanne yoo ilaalle deebisee paartii ta'uu akka danda'u ibsaniiru. Torban tokko dura barruulee TPLF kan ta'e 'Wayin' irratti guyyaan filannoo biyyaaleessa kana chi siqsamu yoo ta'e naannoon Tigraay filannoo ofiisaa gaggeessuun 'de facto state' ni ta'a jedhamuun isaa ni yaadatama. "Wanti jedhame dhugaa waan ta'u nati hin fakkatu," jedhu Obbo gabruun. Yeroo ammaatti dhaalattooni Tigraay iddoo adda addaarra buqqa'aa jiraachu fi paartileen ADWUI biroo uummata Tigraayfi TPLF irratti dhaadachaa kan jiran ta'uu ibsuun "karaa hundaayyu adeemsi finxaaleesummaa jira" jedhu. "TPLF qofa osoo hin taane ADP fi ODP'n siiyaasa finxaaleessumaa adeemsiisaa jiru." Finxaaleessumma mootummaa ofii keenya uummanna jedhu haalli yerichaa kan uumedha. Ta'us garuu rakkoo haalli yeroo uume akka tarsimoo itti fufiinsatti fudhachuun rakkoo qaba," jechuun dubbataniiru. Paartiin tokko waan mo'aameef, hoggansii paartii aangoorra wan kaafameef hireen uummata Tigraay isaan murteeffamu hin qabu kan jedhan Obbo Gabruu, "Durumaanu saba fi sabni wal hin lolu, wal hin waraanu walirraas hin faagatu" jechuun eeraniiru.
oduu-49854803
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49854803
Morkii abbaafi ilmaa kutaa tokkoo haga yunivarsiitiitti
Sheek Kaamiil Aliiyyuu Qaasiim jedhanu. Haadha warraasaanii Addee Zahaaraa mahaammad waliin ijoollee jahaa kan nargatan yoo ta'u, barsiisaa yunvarsitiiti.
Barnootaa sadarkaa kanaarra kan qaqaban ammoo mucaasiin mana barnootaa galmeessisu deemanii achumaan akka tasaa ofiinis galmaa'un barnoota eegaluun. Harraaf keessumaa BBC taasifanneera. Sheek Kaamiil ilmasaanii Ramadaan Kaamiiliin mana barnootaa galmeessu deeman. Achinis maaliifan ilma kiyya waliin hibarannee jechuun ofiifis galmaa'an. Waliin qubee lakkaa'uunis waliin yunvarsitii galan. Sheeh Kaamil eenyuu? warri jettaniif Gaasaraa Adarsootti dhalatanii kan guddatan Sheeh Kaamil Aliyyii Qaasim, ammaan tana jiraataa godina Baalee Gobbaati. Abbaan isaanii Fincila Qonnaan bultootaa Baaleetiin qabsaawaa akka turaniifi kannumaan akka wareegaman dubbatu. Dirree Sheeh Huseeniittis Quraana qara'uun, achumatti amantaa Isalaamaa barsiisuu eegalan. Turees gara magaalaa Gobbaatti erga dhufanii booda ilmasaanii Ramadaan kutaa tokkoffaatti galmeessisuuf mana barnootaa Sadarkaa Tokkooffaa Tulluu Diimtiuu jedhamutti geessan. Wayita sanattis manni barnootaa Tulluu Diimtuu hanga kutaa jaha qofa barsiisa ture jedhu Sheek Kaamil. Attamiin barnoota eegalan? Akkuma ilma isaanii galmeessisuuf mana barnootichaa gahaniin nama galmee raawwatuun, 'Ramadaan Kaamil jedhaa galmeessaa jedheen. Achiis anas Kaamil Aliyyiidhaa na galmeessaa jedhen,'' jechuun imallii barnootasaanii akkamitti akka eegale dubbatu. Achiinis ''namni galmeessa ture 'ni kolfe' jedhu Sheek. Achiinis ''ani dhuguman jedhe, callisaatuma maqaa kiyyas na galmeessa'' jechuunan gaafadhe jedhu. haa ta'u malee barsiisiichi qolfu itti fufan malee dhuguma man barnootaa galanii ilmasaanii waliin barachuuf jedhanii hin amanne ture. Sirriiyuu ''jedhaa amma hojii na hinhiiksisinaa booda wal aggarree waliin shaayii dhugna,' akka jedhaniin dubbatu. Namni amantaa naannichatti kabajamoo ta'an kunis waan nan baradha jechuun barsiiftoota cimsanii qabaniif jecha qofaa itti olfaate galmeessaniin. Akkasiin galmaa'uun kutaa tokko ilmasaanii waliin barachu eegalan! Kunis kan ta'e ALI bara 1993 ture. Haa ta'u malee guyyaa barnoonni itti eegalamu kan isaan mudate bara jireenyaasaniittu hindaganne. Wayita ilamsaanii waliin dabta qabatanii dallaa mana barnootaa keessa galan barsiisaa Alamaayyoon dallaa keessa turan. Barsiisichi Ingliffa akka barsiisaa turan ni beeku, Sheekiin. 'Ilam keessan fidanii dhuftanii Sheekii?' jedhaniin. Sheek Kaamil ammoo '' Eeyyeen ilma kiyya fidee, ofiifis barachuufan dhufe'' jedhaniin. haa ta'u malee gara daree kan galan erga barattoonni hundi bakka teessumaa qabatanii barsiisaanis galee ture. Ol seenuuf karra rukutan. barsiisaan daree keessa turanis ilmasaanii ol galchuun akak deeman itti himan. Shaak garuu 'lakkii anis galee barradha malee hindeebii'u jechuun waraqaa guyyaa itti galmaa'a kennameef itti agarsiisa. 'Akkam bultan barsiisaa!' BBC:- Wayita gara kutaa seentaniitti dareen maal fakkaata ture? Sheek Kaamil:- Kutaan daaraadha. Ijoollee daree gutan keessaa ana qofaatu hanga gaalaa gaha. Erga barsiisichi waraqaan ittiin galmaa'e arguun ol nagalchanii booda barattoonni ammoo ''"Akkam bultan barsiisaa? jechuun nagaa na gaafatan. (Kolfa) Isaan boodas naasuun guyyaa sana sahee yoomu nahee hinbeeku. Anis naasuun mucaa Ibraahim jedhamuufi kannee irra ol dheeratu tokko biran dhaqee gara duubaa ilalladhee taa'e. Ijoollenis waan barsiisaan jedhu dhiisanii osoo duubatti garagaluun gara kiyya millatanu yeroon kutaa xumurame guyyaa sana. BBC:- Yeroo boqqonnaatti eenyu waliin xabatu ture? Hirriyaa qabdu ture? Sheek Kaamil: Hirriiyaan yeroo boqonnaatti waliin xabadhu hinqabu ture. Lagni Togonaa jedhamtu tokko jirti, achi dhaquun dhiqachuunan yeroo boqonnaa kiyya dabarsa. BBC: Yeroo dare ispoortiitti ijoollee waliin kaachuu isiniitti hinulffaannee? Sheek Kaamil: Akkuma beektu isportiin utaalchoo hindhabu. Kanaafu tokko gadi jedhe kan bira irraan utaala. Guyyaa tokkoos wayitan dabareen kiyya gahee akka mucaan birraa narraa utaalu gadi jedhu hindandeenye (kolfa). Mucichis narraan utaalu hindandeenye. Ittiin gudadhe, Barsiisaanis 'Gadi cisaafi Sheekii gadi ciisaafii' naan jedhe. BBC: Ofii faaruu Oromiyaa jechu beektuu? Sheek Kaamil: Eeyyeen 'Oromiyaa haadha seenaa guddaa...' jechuun farfadha kaa. Akkasiin farfachaa osoon guyyaa tokko yuniformii kiyya hindhiisiin, sirna hiriiraa irraa hindhabamiin, guyyaafadhee karra mana barnootaarra hindhaabbatiinan barumsa kiyya xumure. Kana malees barsiiftuu muziiqaa Zarfee jedhamtu tokko na yaadachiifte. Isheenis daree keessatti sirba sirbisiisuun qabxii nuuf kennaa turte. Achi dabaren ana birra gahe. Ani ammo manzummaafi nashidaa maleesirban beeku hinqabu ture. Na bira taruuf jennaa lakkii barsiiftu nan sirba anis jedheen. BBC: Sirbuuf jechuudhaa? Sheek Kaamil: Eeyyeen qabxii 10 qaba bee. Isheenis 'jedhi' naan jette. Anis lafaa olka'een kan omaa hinbeekne 'Iyyaaseen iyyoosaa, yuusee taree.... jedhee itti fufe. Sirbi kunis naannichatti hawaasaan kan sirbamu yoo ta'u garuu walaloonsaa sirriin 'Iyyaaseen iyyoosaa kan foolinn shittoodhaa, siyaadeen marookoo' kan jedhudha. Guyyaa sanattis barsiiftuufi barattoonni akkuma natty kolfaniitti kutaa xumuramee bane. Morkii abbaafi ilmaa Ramadaan Kaamil wal morkii abbaa isaa waliin taasisaa turan ni yaadata. Wayita barnoota sadarkaa tokkooffaa barataa turanitti abbaan isaa dhuma irra taa'uun garuu sadarkaadhaan jalqaba ta'uun xumuran jedha. Innis 'ijoollummaan na qabateeti kan caalan' jechuun kolfaan ibsa. Abbaafi ilmi waliin kutaa tokko keessatti barataa, waliin qo'achaa, waliin hojii manaa hojjachaa qormaataaf yoo taa'an, tokko tokko caaluuf alkanii guyyaa hojjataa akka turan dubbatu. Erga qormaata kuttaa 8ffaa fudhachuun kutaa sagaliitti darbuun mana barnootaa Sadarkaa lammaaffaa Gobbaa galanii booda seenaan geedarame. Ramadaan akka jedhaniitti, abbaan isaa hirriyyaa ummatan. Innis gamasaatiin hirriyaa argate. Yeroo sanas wal morkii caalaa cime. ''Ana eereegniifi fiziksiin dafee naaf gala. Abbaan kiyya ammo akkan isaan qayyabachisu na gaafatu. Amma akkan hubadheetti hobsa hinqabuun ture. Abbaan kiyya ammo 'kan ofii bartee nama biraatti himu hinjaalattuu? Jechuun kan wal caqacaqnu sana nan yaadadha,'' jedha. Sheek Kaamil yoo ta'anis kutaa sagalii kaase tokkoffaa ilmisaanii Ramadaan qabachu ni dubbatu. Guuyyaa tokkoos alkan osoo waliin qayyabachaa jiranu ijji Ramadaan hirriibaan dhabde. Sheekinis garaa abbummaa ta'ee 'hirribatu si qabee deemii rafii' jedhuun. Ramaddanis tole jedhee gara bakka hiriibaa deeme. Millisaa gara sireetti yaa imalu malees qalbiinsaa morkii keessa waan jirtuuf 'suuta jedhe uffata alkanii ol kaasuun yoo ilaalu, abbaan taa'aanii qayyabataa jiru. Isaan boodas jedha Ramadaan, akka dorgommichaa caalu waan yaadeef tufee jedhee siree irraa ka'uun bishaan saahinaa gutuun mila keessa kaawwate qayyabachu akka itti fufe yoomu hidagadhu jedha. Sheek Kaamilis achi ka'uun qayyabate na caaluun darbeera jedhu. Qabxii kutaa saddeetiin Sheekiin caalaniyyuu, kutaa 10 garuu Ramadaan qabxii 3.6 yoo fidu Sheekiin ammo 3.4 fidanii akka ture dubbatu. Erga gara qophaa'inaatti akka darban baranii boodas ta'uun waliin mari'atan. Mariichis akkas kan jedhu ture: ''mana tokkichaa gosa barnootaa walfakkaatu barachuurra ani saayinsii hawaasummaa, ati ammo saayinsii umamaa haa qorannu'' kan jedhu. Mariisaaniis milkaa'ee mana baruumsaa Qophaa'inaa Baatu yoo galan akkuma waliin marii'atan kutaa barnootaa adda addaa baratan. Boodas qabxii yunivarsitii galchu waan argataniif Sheek Yunivarsitii Madda Walaabuutti yoo ramadaman, Ramadaan ammo Yunivarsitii Arbaa Mincii qaqabeen. Achittis Sheekiin gosa barnootaa 'Management' yoo qoratan, Ramadaan ammo 'Hydraulic Engineering' barate. Ofii atis Sheekiinis yunivarsitii barataa, akka barataatti maallaqa naaf eergaa jechuun kan bilbilattu eenyutti ture? Sheekiidhu biratti? Jechuun gaaffii dhiyeessineefi Ramadaan kolfaa ''Taadaa eenyuuttiin bilbiladha? Haatii kiyyaa eessaa futii,'' jechuun abbaansaa barataa akkasunas masijiida keessa tajaajilaa galii xiqqoo argatan isaafi maatiif qoddaa attamiin akka baratan yaadata. Bara 2007tti wayita abbaan Madda walaabutii heebbifamatti, Ramadaan ammo waggaa lamatu hafa ture. Sheek barnoota yunivarsitiin qabxii olaanaa waan fidaniif achumatta hafanii digriisaanii lammaaffaa akka baratan taasifaman. Isaan booda bara 2009tti, Sheekiin yoo digriisaanii lammaffa xumuran Ramdaan dirgriisaa jalqabaa xumure. Sheek Kaamilis uffata heebbaasaanii qabachuun yunivarsitii Arbaa Miniciitti akka hebisiisan yaadatu. Ammaan tanas Ramadaanis ciminuma abbaa isaa hordofuun digiriisaa lammaaffaa barachuun waraqaa heebbaa barreessaa jiraachu BBC'tti himeera. Abbaafi Ramadaan haala akkasiin wal dorgomaa barachusaaniin ijoolleen hafan illeen cimusaanii ni dubbatu. Sheekiin haatii warraasaanilleen akka barataniif jajabeessan illeen kutaa jahaan ol darbuu akka hindandiin dubbatu. Ramadaanis waa;ee hadhasaa ''Osoo haatii keenya kiraachu baattee bakka harra geenye kana hingeenyu turre. Yeroo hundaa abbaa kiyyaan ishee filachuuf siin galateeffadhan jedhaan,'' jedheera. Ragaa bahuumsa Abbaa Xibabuu Qumilaa Sheek Kaamil fi Abaa Xibabuu hirryyaa waliiti. Abbaa Xibabuun batasikaana Gobbaa Qidus Uraa'etti tajaajilu. Kan wal baranis lamaanu akka abbootii amantaatti tibba wal arganiitti. Sheek Kaamilis ofii barataa hirriyyaansaanii waan hinbaranneef waan gaddaniif jecha 'Abbaa barumsa barattanii jirtu?'' jechuun gaafatu. Abban garuu maaliif jechuu akka aaranii turan ni yaadatu. Osoon hibaratiinattamiinan abbaa amantaa ta'ee jechuun gaaffii kaasan abbaa Xibabuutiifis ''barnoota afuraa osoo hintaane, barnoota idile jechuu kiyya jedhaniin Sheek Kaamil. Lakkii isalleen hinbarannee jennaan, Sheekiin dabtaraafi peennaa bituufiin mana Barnootaa Urjii Bariisaa jedhamutti akka galmeessisan ni yaadatu. Wayita ammaa kanattis Kolleejji Innaat jedhamuufi Gobbaatti argamutti gosa barnootaa 'Information Technology'n barataa digirii waggaa lammaffaa kan ta'an Abbaa Xibabuun, olamaa Sheekiin olaniif dubbatanii hinquufan. Ani ABCD lakkaa'e nag aha osoon jedhu, haammilee Sheekiitiin baradhee kan jedhan Abbaa Xibabuun, waan Afaan Oroomoo hinbeeknefu bakka jiran dhaquun qo'achiisaa akka turan dubbatu. Sheekii Huseen Hiifanuu kan caqasan ammo Sheek Kaamiliidha. Isaanis Sheekiin ilaaluun baratanii kutaa afur gahunsaanii warra kaaniif haamilee ta'eera jedhu. Sheek Kaamil Digiriisaanii sadaffaa (phd) hojjachuuf yaada akka qaba dubbatu. Carraan argamnaan hindabarsuu, kutannoo qaban BBC'tti himaniiru. Ofii umuriin keessa meeqa? Gaafii jedhuu, 'shatama hinta'u jeteetii?' jechuun gaaffiin deebii nu kennan. Nutis umurii dheeraafi fayyaa hawwineefirra!cho
oduu-56103889
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56103889
'Obbo Baqqalaa gara hospitaala Xoor Haayiloch dirqiin geeffamuun seeran ala' Abukaatoo
Ittaanaa dura taa’aan KFO Obbo Baqqalaa Garbaa, kan lagannaa nyaataarra jiran dirqamaan gara hospitaala waraanaa mootummaa, Xoor Hayiloochitti geeffamuu abukaatoo fi hakimasaaniirra BBC’n hubateera.
Obbo Baqqalaa Garbaa Abukaatota Obboo Baqqalaa keessaa tokko kan ta’e Obbo Mohaammad Jimaa, ajaja mana murtii darbuun Obbo Baqqalaa gara hoospitaala Xoor Hayiloochitti humnaan geeffamuun ''seeraan ala'' jedhan. Mana murtii olaanaa federaalaa ramaddii tokkoffaa Lidataa, Wixata darbe Obbo Baqqalaa Garbaa fa’aa dhaabbata fayyaa dhuunfaa kutaa bulchiinsa Qirqoos keessatti argamu hospitaala Laand Maarkitti akka wal’aanaman murtee dabarsee ture. Manni murtii murtoo dabarse guyyuma sana (Wixata)abukaatonni isaanii mana hidhaa Qaallittiitti akka kennanii fi xalayichas manni hidhaa akka harkaa fudhan Obbo Mohaammad hubachiisaniiru. A.L.I Amajjii 19, bara 2013 irraa jalqabee nyaata homaayyuu otoo hin nyaatiin bishaan qofaa dhuganii lubbuun turuufi, kunis fayyaasaanii haala lubbuuf yaaddessaa ta’eerraan gahu hakiimni isaanii Dr Ilillii Jamaal dubbataniiru. Dr Ililliin akka himtetti, Obbo Baqqalaa Garbaa haalli fayyasaanii gadi bu’aa adeemu hordofuun ciisanii akka yaalaman murteessuu hubachiifte. A.L.I Guraandhala 9, bara 2013 guyyaa kaleeessaa Dr Ililliin Obbo Baqqalaa Garbaa mana hidhaati gara hoospitaala Laand Maarkitti geessuuf ganama naannoo sa’aatii 4tti achi qaqqabuu himan. Manni hidhaa waan hojjachuu qabu xumuruun naaannoo sa’aatii laaqanaatti gara hospitaala Laand Maark geessuuf imala jalqaban. Gara hospitaaala Laand Maarkititti kan Obbo Baqqalaa wajjin imalaa turanimmoo Dr Ilillii, abukaatoota isaanii, maatiisaanii fi namoota mana hidhaa biratti beekaman turan. Ambulaansiidhaan gara hospitaala Laand Maarkitti imalaa wayita turan naannoo galma Gamtaa Afrikaatti konkolaataan adiin duubaan banaa taate tokkoo karaa itti cufuun, waldhabbiin uumamee akka ture naannicha kan turan Dr Ililliin himaniiru. Hoggantoonni mana hidhaa ajaja gubbaarraa dhufedha jechuun gara hospitaala Laand Maarkitti otoo hin taane gara hospitaala Xoora Haayiloochi geeffamuu akka qaban dubbatan. Kunis Obbo Baqqalaatti wayita himamu ‘gara mana hidhaa Qaallittiitti na deebisaa’’jechuun gaafachuusaanii Dr Ililliin kan dubbatte. Deebiin kenname garuu’’humnaan’’gara hospitaala Xoor Haayilochi akka geessan dubbatte. ''Gara Laand Maarkii geessuu geessuu yoo dadhabdan gara mana hidhaatti nu geessaa jennee otoo gaafannuu lakki jedhanii, fedha keenyaan alatti gara hosptaala Xoor Haayilooch nu geessan''jetti. Hospitaalicha akkuma qaqqabaniin, Obbo Baqqalaan ‘hin wal’aanamu’ jennaan, Namoonni mana hidhaarraa dhufanimmoo deebisuu diduudhaan sa’aatii afuriif hosptaalicha keessa turan jette Dr Ililliin. Obboo Baqqalaan, ''ani iddoo manni murtii naaf eeeyyametti malee hin yaalamu, mana murtiin ol taatanii gara sanatti na geessu yoo barbaaddanis mirga keessani, yoo xiqqaate iddoon boqodhutti na geessaa'' jedhani kadhachuusaanii Dr Ililliin dabaltee himteetti. Wayita sanatti namoonni mana hidhaarraa dhufan dhimmicharratti waliigalchiisuuf yaalanii akka turanii fi ajaja xalayaa olirra ergame, kan Abbaa alangaa waliigalaa Geedi’oon Ximootiwoos irratti mallatteessan itti agarsiisuu dubbatu. Xalayichi kan barreffame mana hidhaaf yoo ta’u, ajajni mana murtii akka geeddaramu abbaan alangaa ol iyyannoo gaafachuu fi kunis amma ta’utti dhaabbilee mootummaa keessatti yaalamu qabu xalayaa jedhu arguusanii dubbatte. Abukaatoon Obbo Baqqalaa Obbo Mohaammad itti gaafatamtoota mana hidhaa wayita dubbisanitti, abbaan alangaa waliigalaa Dr Geediyoon xalayaa karaa Telegiraamii akka erganiif akksumaas’’ajaja jijjirsiisuuf mana murtiitti iyyata galchineerra, nagayee mana murtii hanga baafnutti hospitaala dhuunfaa akka hin geeffamne fi gara Xoor Haayiloochitti akka geeffaman’’kan jedhudha. Manni hidhaa itti waamamni isaa abbaa alangaaf ta’us, dhimmicha kan hubatan karaarrati ta’usaa Obbo Mohaammad itti gaafamtoota mana hidhaarra hubataniiru. Obbo Mohaammad akka jedhanitti, abbaan alangaa xalaayaa mana hidhaatiif dursee barreessuun otoo irra jiruu,’’haala karaan itti cufame’’hubachuu dadhabuusaanii ibsaniiru. ’’Ani iddoo manni murtii naaf eeeyyametti malee hin yaalamu, mana murtiin ol taatanii gara sanatti na geessu yoo barbaaddanis mirga keessani'' Kanatti dabaluun, maamillisaanii Obbo Baqqalaan ''humnaan dirqisiifamanii fudhatamuun seeran ala’ sirumayyuu'' qaamoleen nageenyaatiin karaa cufuun'' gochi raawwatame seeran ala jedhan. ''Abban alangaa ajaja mana murtii ittisuu hin danda’u, sirumaa lamaanu qaama mootummaa ta’anii, qaama biraatti karaa cufuun humnaan hojitti hiikuuf yaaluun'' sirrii akka hin taane eeraniiru. BBC’n abbaa alangaa dhimma kanarratti yaada akka kenna gaafachuuf yaaliin taasise hin milkoofne. Manni murtii har’a iyyata abba alangaa kuffisuun, mana yaalaa dhuunfaatti yaalamuu akka danda’an murteessuu Obbo Mohaammad BBCtti himaniiru. Kanaan duras manni murtii hakiima dhuunfaatiin akka yaalaman kan murteesse wayita ta’u, bulchiinsi mana hidhaa Qaallittii gamasaatiin nageenyaa fi tasgabbii ilaalchisuun haal ture dhiyeessuun kan iyyate yoo ta’u, manni murtii Guraandhala 2, bara 2013 dhaddacha ooleen gara hoospitaala Xoor Haayiloochitti akka geeffaman murteessee ture. Yeroo sanatti manni hidhaa hidhamtoonni lagannaa nyaatarra wan jiraniif ''dhukkubsatanii yoo kufan callifne ilaaluu waan hin dandeenyeef, dursaniis waan hin himanneef sa’aatii muraasa keessatti hospitaala isaan barbaadanitti humna jabeeffannee, qaamolee nageenyaasaanii eeguuf waan rakkannuuf, akka tasaa yoo kufan hospitaala Xoor Haayiloochitti akka yaalchifnu nuuf haa eeyyamamu'' jechuun mana murtiitti iyyaachuun, yeroof manni murtii eeyyameefi akka ture Obbo Jamaal himaniiru. Abukaatonni isaanii garuu gamasaanitiin, hospitaalicha sa’aatii 8 dursanii akka gaafatanii fi maamiltoonnisaanii waamamusaanitiin hospitaalatti akka wal’aanaman manni murtii ajaja akka dabarsuu fi murtoo kanaan dura dabarfamee ture akka jabeessuu gaafataniiru. Manni murtii murtoo kenname deebisuun Obbo Baqqalaa Garbaa fa’aan hospitaala Laand Maarkitti akka wala’anaman murteessera. Kanarraa ka’uun, Dr Ililliin wajjiin ta’uun Obbo Baqqalaa Garbaa hospitaala Laand Maark geeffamaniiru. Kanaan duras torban darban keessa wal'aanamuu didaa kan turan Obbo Baqqalaan, bulchiinsa mana hidhaa wajjin ta'uun hospitaala dhuunfaatti wal'aanuurratti waliigalamee ture. Gartuun hakiimootaa mana hidhaa federaalaa Qaallittii Amajjii 5 erga qaqqabani booda, mana yaalaa mootummaatti geeffamtu jedhamee itti himame. Halli fayyaasaanii gadi bu'aa adeemaa kan jiru Obbo Baqqaalaan, gara hospitaala dhuunfaa geeffamuuf wayita yaalamutti garuu bulchiinsi manni hidhaa dhorku hordofuun Dr Ililliin hojii hiikuu dubbate. Abukaatoon isaanii Obbo Mohaammad gaafa Jimaataa 5, bara 2013 hospitaala seenuu dhabuusaanii komachuun, Wixata iyyannoo barreeffaman mana murtiitti galchuu dubbataniiru.' ''Nuti waan dirqamsiifamneef wal'aanuu dhiifneerra, wal'aanuuf hospitaala geessuu hin dandeenye, yeroo kanatti wala'aanu danda'uu keenya hin beeknu, wal'aanu irraa deebinee eegaluu nu barbaachisa''jechuun Wixata dhaddacharratti Dr Ililliin hubachiiste. Abbootiin murtii murtoon kenname jabeessuun, hospitaala dhuunfaatti akka wal'aanamanii fi ogeeyyiin hojiisaanii deebi'anii akka eegalanii fi akka fayyasaanii hordofan gaafachuusaanii Dr Ililliin dubbattetti. Kaleessa Obboo Baqqalaan wal'aansa homaa otoo hin argatiin''karaarraa deebifamuu''hordofuun haalli fayyaasaaniif yaaddoo uumuu Dr Ililliin kaasteetti. ''Kaleessa waanti uumame caalatti akka sodaannu fi shakkinu nu taasiseera, haala amma jiruun deebisnee fayyaasaanii horodofuuf yaadas hin qabnu,ofii keenyaafuu sodaanneerra''jette Dr Ililliin. Obbo Baqqalaan fa'aan lagannaa nyaataarra kan jiraniif hidhamtoota siyaasarra hidhaafi dararaa gahu, namoota isaan gaafachuu fi adeemsa dhaddacha murtiisaanii hordofuuf dhaqaniirrattis hidhaa fi doorsisni gahu akka dhaabbatu gaafachuuf akka ta'e abukaatoonnisaanii BBCtti himaniiru. Obbo Jawaar Mohaammad fi Obbo Baqqalaa dabalatee namootni siyaasa hedduun ajjeechaa Hachaaluu Hundeessaa hordofee jeequmsa umame keessaa qooda qabaachuun shakkamanii hidhamuun isaanii ni yaadatama.
oduu-55785025
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55785025
Ijaarsa daandii baaburaa Awaash-Waldiyaa holqawwan 10 qaxxaamuru
Ijaarsii daandii baabuura Jabuutii -Finfinnee kan jaarraa tokkoon dura ijaarameen booda, pirojaktiiwwan ijaarsa daandiiwwan baabuuraa dursi kennameef gara hojiitti galame keessaa tokkoo sarara Awaashii ka'uun Waldiyaa, Haaraa Gabaa dhaqu ni argama.
Daandiin baaburaa kunis dheerina km 392 kan qabu yoo ta'u, marsaa lamaan ijaaramaa jira. Ijaarsi marsaa jalqabaa kan km 270 dheeratu yoo ta'u, Awaashii hanga Kombolchaatti gaha. Marsaa lammaaffan km 12 dheeratu ammoo Kombolchaa hanga Haaraa Gabaa kan jiruudha. Ijaarsi pirojaktii kanaas marsaa lamatti kan qoodameef sababii bajanni gahaan dhabamee tureef akka ta'e hojii gaggeessaan pirojaktichaa injinara Abdulkariim Mohaammad BBC'tti himan. Ijaarsa daandii baaburaa kana raawwachuuf bara 2012tti waliigalte irra gahamuun ijaarsi marsaa jalqabaa 2014tti eegale. Kanaafis bajanni doolaara biiliyoona 1.235 ramadamuu injinar Abdulkariim ni himu. Ijaarsi marsaa duraa kunis ammaatti %99 xumuramuun tajaajila eegaluuf dhiyeessii anniisaa eeggataa jiraachuutu himame. Ijaarsi pirojaktii marsaa lammaaffa ammoo maallaqni harkifatee waan argameef dhiheenya eegalame. Kanaan alattis sababii Covid-19, daangaa kabachiisuu fi kkf kan harkifate ta'ulleen amma %82 irra gahu himan. ''Saffisaan xumuruun tajaajila eegalchiisuuf hojjetamaa jiraatulleen, sababii dhiyeessii anniisaatiin harkifachuu mala jennee yaaddofna'' jedhan injinar Abdulkariim. Baabburri fireenii waan hin qabneef nu fixa... Osoo pirojaktichi hin eegalamiin dura rakkoo guddaan haala taa'umsa lafa naannichaa ture jedhu injinar Abdulkariim. Keessattuu naannoon Awaashi-Haaraa gabaa jiruu gaaraa fi ijaarsa daandii baabuuraatiif kan hin mijoofne waan ta'eef dizaayina bakkaa bakkatti geeddaruun qormaata guddaa akka ture himan. Naannichattis ijaarsi daandii baabuuraa wayita gaggeeffamu kan jalqabaa waan tureef hawaasni waa'ee pirojaktichaarratti hubannoo gahaa hin qabu ture jedhu. Isaan amansiisuun baay'ee cimaa ture jedhu Injinar Abdulkaariim. Hawaasni ilaalcha ''baaburri fireenii hin qabu, gara kana yoo dhufe ummata fixa'' jedhu qaba ture. Kanaafuu odeeffannoo dogongoraa hawaasa keessa jiru kana hubachiisuuf yeroo dheeraa fudhachuu himu hojii gaggeessaan kun. Rakkoon pirojaktichaan walqabte mudataa ture kan biraa daangaa kabachiisuu fi rakkoo beenyaa ture. Daandichi maasaa qonnaan bulaa keessaan waan qaxxaamuruuf haalicha baay'ee rakkisaa taasiseera jedhan. Wayita ammaa kanattis ijaarsi pirojaktii marsaa tokkooffaafi kanfaltiin beenyaa gutummaatti xumurameera. Isa marsaa lammaaffatti garuu dhimmi beenyaa xumura kan argate dhiheenya kana. Keessattuu naannawa Aanaa Thuldareetti dhimmi beenyaa baay'ee isaan rakkisaa turu himu Injinar Abdulkaariim. Komiin beenyaan nutti xiqqaate jedhu waggoota lamaaf akka turee fi ijaarsii daandii km 55 harkifachu akkasumas haala beenyaa irratti murtee kennuun yeroo dheeraa fudhachu yaadatu. Haa ta'u malee ammatti burjaajjiin hubannoo hawaasichi pirojakticharratti duraan qabuus ta'e haalli beenyaa gutummaatti furamu himan hojii gaggeessichi. Holqawwan km 10 fi riqichawwan 70 Biyyattii keessatti hojiin holqa qotuu baay'ee kan barame hin turre. Haa ta'u malee pirojaktii ijaarsa daandii kanaa keessatti hojiiwwan holqa qotuu fi riqiichawwan itti baay'atu jedhu Injinar Abdulkaariim. Pirojaktii kana keessattis riqichawwan lageen qaxxaamuruuf qofa osoo hin taane, gaarreen walitti hidhuuf ijaaramuu fi kana gochuuf utubaawwan riqicha baatan kanneen meetira 53 ol dheeratan ijaaramu himu. Kana malees ijaarsi riqichawwanii fi holqawwan kanneenii teeknolojiiwwan hedduu hammachuun kan ijaaraman ta'u himu. Keessattuu riqichawwan naannoo Karra Qoreetti ijaaraman raafamni lafaa mudachu danda'a jedhamee waan yaadamuuf, haala rakkina sana dandamatuun kan ijaaramaniidha jedhan. Kana malees pirojaktiin kun hojiiwwan holqaa 10 kan qabu yoo ta'u, inni guddichi dhiheenya Haaraa Gabaatti kan argamuufi kan dheerina km 2.3 qabuudha. Waliigalattis holqawwan 10 kan dheerina km 10 qaban ta'u Injinar Abdulkaariim BBCtti himan. Kunis haala ijaarsa pirojaktiichaa walxaxaa taasisuu isaa himan. Holqawwan dheerina km 1.5 qaban keessatti akka tasaa ta'ee baaburri holqicha keessatti yoo rakkoon mudate, haala itti namoonni ofiisaanii baraaruu danda'aniitti holqawwan biraa holqa isa guddaa keessatti ijaaramuus dabaluun himu. Akkasumas pirojakticha keessatti riqichiwwan 70 kanneen dheerina km jahaa ol qaban ijaramaniiru. Riqichi inni guddaan kan naannawa Karra Qoreetti ijaarameefi dheerina km 1.1 qabuudha. Ijaarsi pirojaktii kun kan olaantummaan gaggeeffamu dhaabbata Tarkii Yaappii Markazii jedhamuun yoo ta'u, ogeessonnii fi kontiraaktaroonni Itoophiyaa keessatti hirmaataa jiru. Namoonni kuma jahaa ol ta'anis damee hojii kanaa keessatti yeroo garaa garaa hirmaachutu himama. Kanaanis namoonni damee injinaringii baaburaatiin baratan muuxannoo ogummaa olaanaa argachuu isaanii hojii gaggeessaan kun himaniiru. Gara fuula duraatti biyyattiin osoo pirojaktii walfakkaataa ijaaruu barbaaddee, ogummaa olaanaa ogeessonni kunneen kan gaheesaanii ittiin gumaachu isaan dandeessisu argataniiru jedhan. Daandii baabuuraa Awaash- Waldiyaa Naannawa pirojaktiichi keessa qaxxaamuruutti ijaarsa daandii baabuuraatiin alattis hojiiwwan gara biraas ni raawwatamu. Fakkeenyaaf qonnaan bultoota maasaan isaanii harki 25 ol jalaa fudhatameef leenjiin kennamuun beenyaa kennamuuf gara daldala bu'a qabeessaatti akka geeddaraniif akka hojjetame hojii gaggeessaan kun himan. 'Mudannoo hin dagatamne' Kana malees daandiiwwan qaxxaamuraa km 400 fi kan magaalaa keessaa km 70 pirojaktichaan hojjetamuun hawaasichaaf kennamu dubbatan. Adeemsa hojii pirojaktii kana keessattis ganda Tabiisaa jedhamtu keessaatti mudannoo hin dagatamne akka qaban Injinar Abdulkariim ni himu. Naannichi hir'ina bishaaniin kan beekamuufi jiraattonni bishaan barbaacha hanga km 10 akka imalan kaasuun, garuu ijaarsa pirojaktichaa keessatti osoo qotaa jiranuu bishaan dhangala'u isaa yaadatu. ''Wayita bishaanicha gadhiisneetti gammachuun ummataa adda ture,'' jedhu. Injinar Abdulkariim injinara jalqabaa irraa ka'uun hanga itti gaafatamaa pirojaktichaa gahan Kanaan boodas hawaasichi ''ijaarsa pirojaktichaa amma dhaabaa akka bishaan keenya nu jalaa hin balleessine'' jechuu akka eegalan himu. Haa ta'u malee bishaanichi kan hin dhaabbannee ta'u jiraattoota waliin erga mariin gaggeeffameen booda waliigalamee hojiin ijaarsichaa itti fufuu dubbatu. Ammaan tanas ummanni naannichaa baroota dheeraaf dhabiinsa bishaanitiin rakkataa ture sababii ijaarsa holqichaatiin amma bishaan argachu himu hojii gaggeessaan kun. Daandii baabuuraa Awaash- Waldiyaa Daandiin baaburaa kun wayita xumuramutti baaburoota 26 ni kessuummeessa. Baaburoonni 20 ta'an kan mi'a fee'an yoo ta'u, kan hafan jaha ammoo kan namootaaf tajaajila kennaniidha. Osoo baaburoonni hundinuu guyyaan kan hojjatan ta'ee, namoota 4,300 ol Finfinnee irra gara Waldiyaa-Jabuutii deddeebisu ni danda'u. Baaburri tokkichi dandeettii hanga toonii 1,350 fe'u qaba. Kanaafu hundu osoo hojjatanii dandeettii mi'a toonii kuma 27 deddeebiisu danda'u. Kunis mi'a buufatarra jiran yeroo gabaabaatti kaasuun saffisa hojii dabalu danda'as jedhu ittigaafatamaan kun. Daandii baabuuraa Awaash- Waldiyaa Ijaarsi pirojaktii daandii baabura Awaashi - Waldiyaa - Haraa Gabaa kana keessattis buufataleen gurguuddoon 4 fi xixiqqoon 6 jiru. Isaanis Awaashi, Shawaa Roobiit, Kombolchaa fi Haraa Gabaatti argamu. Kanaan alatti yoo rakkoon baabura mudateetti gaaraajiin yeroo tokkichatti baaburoota saddeet suphuu dandeessisu Kombolchaatti ijaarameera jedhu. Gara fuula duraattis motummaan Itophiyaa ijaarsa pirojaktiiwwan daandii baaburaa gaggeessuuf pirojaktiin kun akka ka'umsaatti ni tataajila jedhamee eegama. Daandiin baaburaa Waldiyaa-Warrataa, Warrataa- Matammaa dhaquuf sadarkaa qorannoorratti argamus qaamuuma daandii baabuuraa kanaati.
oduu-50704052
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50704052
Yunvarsiitii Waldiyaatti lubbuun barataa tokkoo darbe
Yunvarsitii Waldiyaatti lubbuun barataa waggaa sadaffaa tokko darbuu yunvarsitichi himeera. Yunvarsitichi barataan Abdii Waaqoo jedhamu rakkoo fayyaa mudateen du'e yoo jedhu, barattoonni isa waliin turre jedhan garuu reebiicha waardiyyootaa irraa kan ka'e ta'uu BBC'tti himaniiru.
Balbala Yunversiitii Waldiyaa Yunvarsitii Waldiyaatti barataa waggaa sadaffaa Peedaagoojii ta'uun isaa kan himame kun rakkina fayyaa isa mudatee lubbuun darbuunsaa kana kan beeksiise fuula feesbuukii isaarratti. Barattoonni BBC'n dubbisee akka himaniitti, ''barataa Adii Waaqoo kan du'ee miidhaa reebichaan irratti raawwateen'' jedhaniiru. Haata'u malee, Yunivarsitiin Waldiyaa du'a barataa Adii Waaqootti gadda itti dhagahame ibsuun ergaa fuula feesbuukii isaarratti maxxanseen, barataan kun rakkoo fayyaa mudateen ALI Sadaasa 26, 2012'tti kiliniika yunivarsiticha keessatti aragamuutti qorannoon taasifamuufiisaa himeera. Isaan boodas wallaansa fooyya'aan akka taasifamuuf jecha gara Hospitaala waliigalaa Waldiyaatti ergameera jechuun ibseera. Haata'u malee, osuma wallaanamaa jiru, Sadaasa 27, 2012 alkan keessaa sa'aatii torba irratti lubbuun barataa kanaa darbuus himeera. Barattoonni BBC'n dubbise garuu nageenya isaaniif jecha maqaansaanii akka hineeramnee gaafatan akka himaniitti, barataan amma lubbuunsaa darbe kun wayita reebichi irratti raawwatamu isa waliin turuufi ijaan akka argan dubbatu. Haalli nageenyaa Yuvarsiiticha keessaa ture amansiisaa waan hin taaneef gara maatiitti deebi'uuf yunvarsiiticha gaafatanii eeyyama dhabanii, Roobii darbe galgalaan miliqanii gara maatiitti deebi'uuf yaalaa turuu himti barattuun waggaa tokkooffaa ta'uu himatte tokko. ''[Adiin] nu gaggeessuuf nu wajjin deeme. Achiinis waardiyoota mooraa yunvarsitii kan ta'an namoota afuriitu nu reebe,'' jechuun haalli barataan kun ittiin du'ee reebicha irra gaheen ta'uu himti. Miliqanii gara maatiitti deebii'aa jiraachuun barattoota kanaa waariyyoota kanneen eeruun akka qaqabee kan himtu barattuun kun, erga baajaajii qabataniin booda waardiyyoonni jedhaman kunneen qaqabuun ijollee baajaajii oofan dabalatanii reebicha irratti raawwachuu dubbatti. Oduuwwan kanatti dhiyaatan biroo kana dubbifadhaa: Isaan boodas, humnaan qabamanii mooraatti deebiifamuu ibsiti barattuun kun. "Mooraatti erga deebiine boodaa waaridiyyoonni afur akka maleetti nu reeban," kan jettu barattuun kun, ''barataa Adii Waaqoo ammoo addaatti dhidhiitaa turan'' jetti. ''Ati du'uu qabda, jiraachu hin mallee'' jechaanii turan kan jettu barattuun kun, meeshaa waraanaan illee akka dorsifaman himti. Sa'aatiin reebiichi kun itti raawwatamees guyyaa Roobii galgala keessaa naannoo sa'aatii 12 ta'u kan himte barrattuun maqaashee dhokfattee kun, ''nama mooraa sanaa tokkotu akkamiin ijoollee reebiduu jechuun nurra dhoowwe'' jetteetti. ''Sanaan boodas Adiin akka malee dhukkubaa ture; bishaan nu gaafataa ture. Achumaanis kilinika mooraa yunvarsiiticha geessanii qoricha kennaniifi turan. Guyyaa lammaaffaatti barii lafa ka'uu dadhabe.'' Itti dabaluunis, ''Lapheefi kaleekootu na dhukkuba jechaa ture. Akkasumas afuura fudhachuu dadhabaa ture,'' jechuun kan arge jettu himti. Barataan yunvasritichaa BBC'n dubbise kan biraas, yaaduma walfakkaatu hima. Barataan nageenya isaatiif sodaachuun akka maqaansaa hinhimamnee dubbate kan biraa, Adiin dhiiga tufuusaas akka argee hima. ''Reebamuu isaan booda Adiin of danda'ee dhaabachuufillee rakkachuu isaa argeera,'' jedha. Barataan Adiidhaaf hirriyaa isaa dhiyoo ta'u himu kun, ''Amma ati mooraa kana keessaa baatutti ijoolleen nagaa hin argattu jechuun isa reebuu natti himeera,'' jedha. Haata'u malee, Adiin xabataafi barataa nagaa ta'uun alatti mormiiwwan dallaa keessatti gaggeeffaman kamiyyu keessatti hirmaannaa kan hinqabne ta'uu barattoonni hirriyyoota isaa ta'uu himan kunneen ni himu. Wayita ammaa kanattis hamilee sirriin barachaa akka hin jirreefi maatii isaanitti deebi'uu akka barbaadan barattoonni kunneen ni dubbatu. Rakkoo nageenyaa Yunvarsitii Waldiyaa keessatti dhiheenya kana uumameenis, barattoonni lama lubbusaanii dhabuun ni yaadatama.
49417551
https://www.bbc.com/afaanoromoo/49417551
‘Maanguddoonni beelofnaan maatiifi biyyaa waan abaaraniif isa hambisuuf kana hojjenna'
"Yeroo umuriinkoo ganna 10 jiru hiyyeessota arguun jibba. Nama wayyaa moofaa uffatu, nama miillarraa kophe hin qabne arguu hin fedhu," jedhu abbaan mul'ataa Taammiraati Birhaanuu.
Ergamaa Taammiraat yeroo ammaa maanguddoota karaarratti kufanii nama isaan sooru hin qabne walitti qabanii giddu-gala maanguddootaa ijaaranii kunuunsa taasisaafii jiru. Kana malees, haadha iyyeessotaafi warra harka-qalleeyyii bakka gara garaatti manni irratti jige deemanii irraa ol qabaa jiru. Maaltuu akka isaan kakaase yeroo ibsan, duuba deebi'anii bakka itti dhalataniifi karaa irra darban qalbii namaatti agarsiisu Ergamaa Taammiraat. Baadiyyaa Wallaggaa Lixa bakka itti dhalatanii kaasanii hanga Waldaa Fuula Waaqayyoofi Giddu-gala Maanguddootaa kana hundeessanitti bu'aa ba'ii jireenyaa keessa darban yeroo seenessan; gaara gadi buusaa, dachaa ol baasaa fuudhanii namaan deemu. Hojiin qajeelummaa har'a hojjetaa jiranis ganama akka isaanitti mul'ate dhugaa ba'u. Najjootti mana akaakayyuu isaanii warqeefi qabeenyi biroon jiruufi jireenyaaf mijataa ta'e keessatti guddatanis, akka dhala akaakayyuun guddisu tokkootti qananummaan gammachuu isaanii guutuu hin taasifneef. Yeroo umuriin isaanii ganna kudhan turerraa kaasanii nama beela'eefi daare yeroo argan garaan hedduu akka isaan hammaatu dubbatu. Namoonni yeroo qoraan gurgurachuudhaaf dhufan qarshii manaa fuudhanii namootaaf kennaa akka turanillee ni yaadatu. "Qoraan bahaan dugdaa tokko bara sana qarshii tokkoof sumunii [Saantima 25]ture. Animmoo birrii shan, birrii kudhanan kennaafan ture. Warri hojii humnaa hojjetan ammoo guyyaa tokkotti birriifi saantima 50'n hojjetu ture. Isaaniifis birrii manaa fuudheen kennaafiif ture. Kanarraan kan ka'e [furtuu] na jalaa dhoksu akka ani fuudhee iyyeessaaf kennu waan beekaniif." Uffata isaaniif bitamellee namootaaf dabarsanii kennaa akka turan kan yaadatan abbaan mullataa kun, yeroo kutaa kudhan baratan kan ta'e ni yaadatu. "Uffannaa koo osooman namaaf kekkennuu wayyaa tokko qofatti gale. Yeroo wayyaa tokkotti na jalaa galu akkas naan jedhan akkoon koo. 'Aabbee, Oromoon qulqullummaa guddaan qullaa nama hambisa' jedhee kunoo sirratti arginekaa. Wayyaa hiree qullaa hafee' naan jedhan." Isaan booda bu'aa ba'ii jireenyaa keessa erga gallee waan sadiin si kadhadhan jedhe Waaqayyoon. "Tokkofaan jiruun ani ittiin milkaa'ee iyyeessa gargaaru naaf kenni. Lamaffaa ammoo yoo carraan baradhee ykn daldalee kan ittiin nama gargaaru hin qabu ta'e rakkataa arguurra ammoo ijikoo akka jaamu nan barbaadaa ija koo jaamsin jedhe." "Sadaffaarratti ammoo yoo ija koo hin jaamsitu ta'e lafarraa na sassaabin jedhe." Ergasii jireenyi koo waa'ee iyyeessaa yaaduu ta'e kan jedhan Taammiraat, ofiifillee kan ittiin nyaatan yeroo hin qabnetti: "Imimmaan kootiinan si gargaaran jedha nama rakkataa yeroon arge." Adeemsi ture waan itti deemamaa jirutuu jiraayyu sana keessa na dabarse jechuun sadarkaa irra gahan kana ka'umsa isaa ibsan. Giddu0gala Kunuunsa maanguddootaa kanatti namoonni gargaarsa hin qabne kunuufamaa jiru Giddu-gala maanguddootaa ijaaruu Hojii maanguddoota rakkatan gargaaruu warra karaarra taa'anii saantiima kadhataniin akka jalqaban kaasu. "Nama karaarra taa'ee saantiima kadhatu tokko surree lama qabu keessaa tokko kenneefii kan irra keessaan uffatu ammoo namarraa kadhadhee kenneefiin jalqabe." A L I bara 2006 keessa maanguddoo rakkaataa tokkoon jalqabanii ji'a sadii irratti nama 32 akka ta'an dubbatu. "Utuma jedhanii gaafa ji'a afraffaa nama 100 galan." Osoo giddu-gala maanguddootaa kana hin ijaariin dura bakka itti galchinu waan hin qabneef bakkuma bakka jiranitti akka gargaaraa turan kaasuun, "bara 2004 namoota 115 dhiirotaafi surree, dubartootaaf ammoo qoloo/qamisii kophee waliin bitneefii uffata isaanirratti ciccitee ture injiraan waliin irraa baasnee gubne". Galiin isaan Waldaa Fuula Waaqayyoorraa argatan dabalaa waan dhufeef giddu-gala sana ijaaruu jalqaban. "Aniifi haati warraa koo wal mariyannee Birrii 8,000 qofaa qabnuun muka bitnee hojjetaa waamnee jalqabne. Waaqayyo nu jalqabsiisee nu xumursiise amma kutaa 12 ijaarree warra duraan bakka jiranitti gargaarru as galchuu jalqabne." Warra giddu-gala maanguddootaa keessa jiraniin alattis kanneen mana mana isaaniitti gargaaranillee akka jiran kaasu. Warra giddu-gala sana keessa jiraataniif hojjetoonni nyaata bilcheessu, uffata irraa miicuu, kan mana qulqulleessaniifi waardiyyaan qacarameef kunuunfamu. Ulaagaan ittiin nama gargaaran filatan maanguddoota rakkatoo nama isaan gargaaru hin qabnedha jedhu. "Amantaa kamirraayyuu haa dhufu, Kiristaanas haata'u, Musliimas haata'u, amantaa kan hin qabnes haa ta'u; dhala namaa gargaaruudha kaayoon keenya." Maanguddoota kana gargaaruudhaaf maddi galii isaanii kurneffaa amantoonni Waldaa Fuula Waaqayyoo Kenan qofaa ta'uus ni ibsu. Qaamni mootummaa gaafa giddu-gallichi eebbifamu dhufanii ribanii kutanii eebisuurraa kan hafe akka quba isaan hin qabne kaasuunn, dhiyeessa bishaan dhugaatiinillee rakkisaa akka itti ta'e himan Taammiraat. Mudannoo addaa keessaa tokko Yeroo namoota 115 ta'aniif uffata bitanitti waan isaan mudate akka addaatti yaadatu Taammiraat. "Wayyaa hodhisiifnee, waan miillatti kaawwatan bitnee, qamisiin bitamee, shaarpiin dubartootaa bitamee, paantiidhaaf qabattoo kan ittiin bitamu dhabne." Gaafa kan ittiin paantiifi qabattoo bitan dhabangalgala isaa inniifi haati warraa isaa hanga alkan waariitti taa'anii maal gochuu akka qaban osoo mariyanii satii sagala akka ga'e yaadatu. "Qunceen hidhatumoo, funyoon hidhatumoo 'maal nuuf wayya' jenne. Nama irraa gaafannus hin qabnu ture." Osoo kanaan jiranii bulee ganama isaa namni tokko dhimma mataasaatiif Finfinneerraa dhufee isa waliin walbaruudhaaf dhufe jedhan. "Lafa ani guyyaa 40fi alkan 40 itti kadhataa ture ilaalee namni suna qarshii kuma kudhan buna ittiin bitadhaa jedhee nuuf kenne. Isa booda qabattoofi paantii Birrii kuma torbaan bitnee itti huwwisne. Mudannoo ani hin daganne keessaa kun isa tokkodha," jechuun yaadatu. Haati warraa ergamaaTaammiraat Miliyoon Mulaatuunis qaama mul'ata kanaati. Hojiin tola-ooltummaan maanguddoota fira isaan gargaaru hin qabne karaaarraa kaasanii gargaaruun kun isaaniifis mullata keessa isaanii jiruufi akka hojii Waaqayyoo tokkootti waan ilaalamuuf akka isaanitti hin bitaachofne dubbatu. Rakkoon xiqqoon jiru dinagdeedha jedhan Adde Miliyoon dhimmi dinagdee kun ammoo wal namaaf hin qixxaatu jedhu. "Madda galii hojii kana ittiin gaggeessinu waan hin qabneef si'a tokko tokko nu rakkisa. Yeroo haala yaadnu sanatti, akka dheebonnutti nuuf ta'uu didu waanuma lafarra jiruufi qabnuun dura gochuun kan booddee ta'uu malu ammoo gara booddeetti tursiisaa, isa danda'ame gochaa isa hin danda'amne hambifna," jedhan. Karaa haadhaas karaa abbaas dafanii akka irraa godaanan kan dubatan Aadde Miliyoon maanguddota arganii hin beekan. Hangam amalli namoota umuriin isaanii deemee rakkisaa ta'uyyu akka maatiitti walgorsaafi waldhaggeeffachaa wal danda'uudhaan akka jiraatan dubbatu. "Akkasan jedha ture. Gatii ani akkoofi akaakayyuu hin argineef Waaqayyo akkoofi akaakayyuu baayyee walduukaa naaf kenne jedheen baayyee gammada." Namni hunduu hanga danda'u gargaaruudha Ergamaa Taammiraat namoonni rakkatanii gargaarsa barbaadan hedduu jiraachuu ibsanii namni hunduu osoo hanga danda'u ga'ee isaa ba'ee gaariidha jedhu. Sagaleen Waaqayyoos 'namni hundinuu hanga danda'u gargaarsa haa godhu jedha' jedhan. Isaan ammoo osoo gargaarsa gara garaa argannee hojii bal'aa hojjechuu akka danda'anis kaasaniiru. Maanguddoonni giddu-gala keessa jiran maal dhugaa ba'u? Almiidii Booboo maanguddoo giddu-gala kana keessatti kunuunfman keessaa tokkodha. Umuriin isaanii waggaa dhibbaa ol akka ta'e kan himatan maanguddoon kun, gara giddu-galichaa erga dhufanii waggaa shan guuteera jedhu. Turtii isaanii kanas baay'ee akka itti tole himu. Obbolaan koo dhumanii, ijoolleen isaa dhumanii waan nyaatamu dhabanii lagatti galanii hidda mukaa burii jedhamu hanga soorachuurra kan ga'an maanguddoon naannoo Beneshaangul Gumuzirra dhufan kun, erga giddu-gala maanguddootaa kanatti galanii nyaata gaarii nyaanna, jireenyi nutti toleera jedhan. "Nyaata gaashaa nyaanna. Ganama, guyyaa, galgala nan nyaadha." Erga gara giddu-gala kunuunsa maanguddootaa kana dhufanii waggaa sadii akka ta'e kan dubbatan Aadde Birriituu Morkaa ammoo Matakkalirraa dhufan. Dhalas firas waan hin qabneef laga keessa deemeen goodarreefaa barbaadee nyaadhee jiraataa ture kan jedhan Aadde Birriituun, osoon waanan nyaadhuufi dhugu dhabee gara itti bahu wallaalee jirutti Taammiraat dhufanii na fudhatan jedhu. "Manni ani keessa ture qullaadha. Waraabessiyyu keessatti na nyaata jedheen sodaan jiraataa ture. Irraan bokkaadha, jalaan dhoqqeedha. Humna hin qabu, fira hin qabu, dhalas hin qabu kan naaf ijaaru hin qabu. Osoon kana keessa jiruu dhufee na fudhate." "Ergan dhufee kunoo bash basha jiraanna galata Waaqayyoo haa ta'u. Ciree, laaqana, irbaanni keenya jira. Kan nurraa miicus kunoo jiru. Erga dhufnee ijoollee taane." Obbo Tazarraa Koolees Giddu-gala Kunuunsa Maanguddootaa kana erga dhufanii waggaa shan akka guute himu. Maanguddoon kun rakkoo hamaa keessa ture yaadachuun imimmaan isaan hudhaa dubbatan. Obbo Tazarraan, uffata isaanirratti dhume irraa baasanii akka haaraa itti bitan himu. Hojii waardiyyummaa waggoota 16f hojjete keessaa waajira inni hojjetaa ture baajanni dhumeera jechuun yeroo hir'ifaman firaafi dhala isaan gargaaru waan hin qabneef humna hin jirreen dulluma keessa hojii humnaa guyyaan jiraachuun dirqama itti ta'e. Kana keessa osoo jiranii ture kan carraa argatanii gara giddu-gala kunuunsa kanaa dhufan. Gara fuula duraa Ammallee hojiin guddaan akka fuula duratti isaan eeggatu kaasuun, yaalaa jirra malee ammallee nama gargaarreerra hin jennu jedhan Taammiraat. Hanga barbaadnuufi karoorfanne hojjechuudhaa harki keenya gababadha, isheen argannu ammoo wal nuuf hin geessu jechuun baayyee akka hin gammadiin jiran himan. Gara fuula duraatti maal yaaddu kan jedhuuf ammoo Taammiraat, saba rakkate hundumaa bira ga'uu barbaadna jedhu. Saba naannoo biroo rakkatanii nama isaan gaafatu hin qabne walitti sassaabnee gargaaruu ni yaadna. Yoo nuuf danda'amellee mootummaayyu lafa inni waa gochuu dadhabetti ni gargaarra jennee abdii qabna jedhan. "Maanguddoon yeroo beela'u maatii isaa abaara; biyya isaa abaara; mootummaa isaa abaara; Waaqayyoonis ni abaara, maaliif na uumte jedha. Kanaaf, warra akkasii kana amala isaan qaban waliin danda'anii gargaaruun ba'aa biyyarraa cabsuudha. Arrabsoo dhalootarraatii cabsuudha. Kanaaf amannee Waaqarras ergaa kana fudhannee itti galle, aniifi haati warraa koo kun."
oduu-44776477
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44776477
Keeniyaatti tarkaanfii hanna irratti fudhatame mormuun barattoonni mana barumsaa torba guban
Tarkaanfiin hanna qormaataa ji'a sadan dhufu kennamuuf jiru hambisuuf fudhatamee mormuudhaan barattoonni manneen barumsaa bultii torba gubuusaanii ministirri barnootaa Keeniyaa Amiinaa Mohaammad himan.
Mana barumsaa bultii barattoonni guban Mana barumsaa tokkotti barattoonni daayirektara hannaaf haala akka mijeessuuf gaafataniirus jedhaniiru. Poolisiin dubbii tasgabbeessuuf jecha barattoota 125 to'annoo jala oolcheera. Barattooni sadiis himataniiru jedhan Aadde Amiinaan. Mana barumsaa dhiirotaa Chulaayimboo dhiha Kisumuutti argamu gubuun kanneen himatan keessaa barattoonni shan wabiin gadhiifamaniiru. ''Manneetii barumsaa bultii hundi barsiisota torbee dachaan akka dabalaniifi to'annoo halkanii irratti xiyyeeffannoo akka kennan gaafataniiru,'' Ministirri barnootaa Keeniyaa Amiinaa Mohammaed.
oduu-53138491
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53138491
Maanguddoon Aanaa Dagamiitti manni jalaa gubate eenyu?
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagamitti manni qonnaan bulaa tokko qabeenya waliin gubate.
Maatiin qonnaan bulaa sanaa BBC'tti akka himanitti kuni kan raawwate dheengadda gaafaa Dilbataati. Haa ta'u malee, aanichatti ganda Ali Doorootti gubate irratti maatii fi poolisiin godinaa yaada faallaa qabu. Bulchiinsi aanaa Dagam "waa'ee gubachuu manichaa quba hin qabu" jedha. Wanti ta'e maali? Manni gubate kan maanguddoo waggaa 70 yoo ta'u abbaan warraa Obbo Suyyum Adinoo jedhamu. Ilmi maanguddoo kanaa dargaggoo Gadaa Suyyum mana abbaa isaa kan gube poolisii humna addaa Oromiyaati jechuun himata. . "Ilma keessantu bosona jira isa fidaa jedhan. Ilmi keenya kun immoo eessa akka jiru fi maalirra akka jiru hin beeknu. Nuyi akkuma nama kaanii ni barsiifanna jennee barnoota erganne. Achirraan gara inni deeme dhabne" jedha. Ilmi Obbo Suyyum Adinoo "bosona jira" jedhame kun bara 2005 Yuunivarsiitii Wallaggaatti barataa waggaa sadaffaa muummee barnootaa seeraa akka ture fi yeroo sanaa as gara maatitti akka hin deebine dargaggoon kun hima. Sababa kanarraa kan ka'e, bara darbe eegalee humnoonni mootummaa nu doorsisu jedha Gadaan. "Milishootni dhufanii ilma keessan fidaa ykn isin ajjeesna jechuu eegalan. Nuyi garuu kallatuma inni jiruu waan hin beekneef du'uu filanne. Namni tokko yoo hin ulfaa'in eessaa dhalaree?" jechuun hima. "Gaafa duraa akkuma nama tokkootti waan barnootaaf barbaachisu kennineef. Yunivarsiitii Wallaggaatti barataa seeraa ture. Bilbillisaa cufaa taanaan maal ta'e jennee gaddaa turre. Sana booda gara itti bu'e dhabne" jedha. Yeroo ammaatti waajjira mootummaa keessatti qacaramee hojjechaa akka jiru BBC'tti kan hime dargaggoo Gadaa Suyyum "ani mootummaaf amanamaa ta'ee iddoo icciittii natti kennametti hojjechaan jira,'' jedha. Haa ta'u malee, ''gara tokkoon immoo maatii koo dararan" kan jedhu dargaggoo Gadaa maatin isaa balleessaa akka hin qabne hima. "Wanti isin ajaa'ibu waa'ee siyaasaa dhiisaa maqaa mootummaa amma jirullee hin beekan" jedha waa'ee abbaasaa yeroo himu. Taatee Dilbataa… Dilbata dheengaddaa ganama sa'aa 12 irratti poolisootni humna addaa lakkoofsaan 30 ta'an gara qe'ee Obbo Suyyum Adinoo deemun maatin manaa gadi akka bahan erga itti himanii jedhu maatiin. Sana boodas, poolisootni manichatti ibidda qabsiisuu isaanii ilmi Obbo Suyyum dargaggoo Gadaa Suyyum dubbata. "Maatii gadi baasanii manatti ibidda qabsiisan. 'Lakki jarri kun hoomaa hin beekan' osuma jedhanii kuun ibidda itti qabsiisanii gubanii deeman" jedha. Dabalataan, poolisootni humna addaa kunneen manichatti ibidda erga qabsiisanii booda namni akka birmatee hin dhaamsinee fi hanga manichi gubatee dhumutti dhaabbatanii irraa eegaa akka turan hima. Midhaaniifi meeshaalee manaa dabalatee wanti manicha keessa ture marti gubachuu isaas dubbata. Abbaan isaa baqachuu isaanii fi eessa akka jiran kan hin beekne ta'uu kan himu dargaggoon kun obboleettii isaa daa'ima umrii waggaa 12 dabalatee namootni 30 ta'an dheengadda qabamanii hidhamuu isaanii himeera. Deebii poolisii Waa'ee gubachuu mana Obbo Suyyum kan gaafanne bulchaan aanaa Dagam Obbo Geetuu Tafarii "ani hin dhageenye. Yoo dhugaa ta'e koottaa qulqulleeffadhaa, teenyee dubbachuu dandeenya" jechuun yeroobilbilaan gaafanne dubbatan. Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa Komaandar Taarikuu Dirbabaa immoo "humni addaa poolisii Oromiyaa dhimma itti mana uummata Oromoo itti gubu hin qabu. Gocha shaneen raawwachaa jiru yoo ta'en ala miseensa bobbaasnee mana namaa akka gubu qajeelfama hin laannu. Kanaaf kuni gocha poolisiis gocha humna addaas miti" jedhan. "Shira ta'e jedhee xaxamudha. Yeroo qaamni nageenyaa isaan adamsuuf, qabee seeratti dhiyeessuuf jedhu jala naanna'anii nuf uummata walitti buusuf jecha poolisii idilee fi poolisii humna addaatu akkas godhe jedhu" jechuun himan. Dhimma hidhamuu daa'ima umrii waggaa 12 kan gaafanne komaandarichi "kunis soba" jechuun himan. Dhimma mana Obbo Suyyum Adinoo ammatti qaama sadaffaa irraa qulqulleeffachuu baannus aanicha keessatti manneen poolisii humna addaatin gubatan jiraachuu isaanii madden amanamoo BBC'tti himaniiru. "Caamsaa 21 ganda Yaayyaa Harootti humni addaa manatti ibidda erga qabsiisanii booda namnootni akka hin dhaamsine irraa dhorkaa turan" jechuun maddi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan BBCti himaniiru. Gubachuu manneenii gandoota Aanaa Dagam kan akka Yaayyaa Haroo fi Leemman keessatti raawwatamanis ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kaabaa Komaandar Taarikuu Dirbabaa caasaa isaaniitin akka hin raawwatamne himu. Kana dura, viidiyoon yeroo miseensonni humna nageenyaa uffatan Godina Gujii Lixaatti mana guban agarsiisu erga qoodame booda gareen qoratu bakkichatti ergamuun ni yaadatama.
isportii-45005311
https://www.bbc.com/afaanoromoo/isportii-45005311
Waancaa Adduunyaa 2022: Qaataar filannoof iccitiiin dogoggorsuun himatamte
Morkattoota ishee dogoggorsuuf filannoo Waancaa Adduunyaa 2022'f Qaataar sochii filannoo iccitii 2010'tti adeemsisaniiru jechuun Za Saanday Taayims gabaaseera.
Waancaan Adduunyaa 2022 Qaataar sadaasa 21 hanga Mudde 18, 2022'tti geggeefama Akka gabaasa kanaatti morkaattoota ishee, kessumaayyuu Yunaaytid Isteetifi Awustiraaliyaa maqaa balleessuuf Qaatar dhaabbata Sab-qunnamtii US fi miseensoota CIA durii qacaruu ishee galmee agarsiisu argachuu ibseera. Qaataar garuu himannaa kana haalteetti. Waancaa Addunyaa 2022 keessummeessuuf Qaataar morkatoota ishee Yunaaytid Isteet, Awustiraaliyaa, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappan injifateetti. Galmeen iccitiii nama gartuu filannoo 2022 irra hojechaa tureen akka gadhiifameefi yeroo gaaffii Fifa akka hin turre Za Saanday taayims dubbateera. Qaataar garuu himannaa akkasiii hunda Za Saanday aayims'in dhiyaatee akka hin simanne ibsiteetti.
oduu-47905705
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47905705
Awwol Aloo: ''Mootummaa buusuufi dimokiraasii fiduun waladda''
Ji'oota dura mormiin uummataa daballii gatii daabboo fi boba'aan eegale gara mootummaa mormuutti geeddarame, guyyaa kaleessaa (Kamisa) Pirezidaantii biyyattii Omar Hasan al-Bashir aangoorraa buusuu danda'eera.
Hiriira mormii ,Sudaan, Kaartuum Pirezidaanticha aangoorraa fonqolchuun to'annoo jalas kan oolche Raayyaan Ittisa Biyyaa Sudaan Mana Maree hundeessuun labsiiwwan baasuu eegaleera. Labsiiwwan ba'an keessaa lammiileen akka hin baane ittisuu, labsii yeroo muddamaa kan ji'oota sadiif turuu fi jiruufi jireenya lammiilee eeguuf bifa haaraan of gurmeessuudha. Haata'u malee lammiilee biyyattii waraanni amma biyya harka galfate kun qaamuma mootummaa kaleessa tureeti waan ta'eef, gaaffiin keenya haala kanaan nuuf hin deebi'u jechuun mormiisaanii itti fufaniiru. Sudaan ammas yaaddoo biraatu ishee eeggata kan jedhan Landan Yuuniversitii Keel keessatti seera kan barsiisan Dr Awwal Aloo, murtee kaleessa Sudaan keessatti darbe bifa lamaanin ilaala jedhu. ''Tokkoffaa mootummaan abbaa hirree waggoota dheeraaf biyyattii dhiitee bulchaa ture gaaffii uummataatiin dhiibamee wayita aangoorraa bu'u waanta nama gammachiisuudha, waan gaariidha. Akka biyyaattis uummata Sudaaniif akka naannoo Gaanfa Afriikaattis bu'aa guddaa qaba. Inni Lammaffaanimmoo haalli mootummaan itti aangoorraa bu'e guutummaa guutuutti akka fedhii uummataatiin miti.'' jedhan. ''Waraanni yeroo aangoo qabatu dimokiraasiin qormaata keessa gala'' Waraanni gidduu seenee aangoo fudhatee waggaa lamaaf akka biyyattii bulchu murteessee jira kan jedhan Dr. Awwal, inni kun wanta baayyee nama sodaachisu ta'uu dubbatu. ''Humni waraanaa labsii yeroo muddamaas labseera. Biyyoota adda addaa keessatti wayita gaaffii uummataatiin mootummaan kufee humni waraanaa aangoo qabatu xiqqumallee fuulduratti hin deemsisu.Akkuma kanaan dura Ijiptitti argine waraanni mootummaarraa aangoo fudhatee dimokiraasii fiduu hin dandeeye.'' Haalonni akaasii yeroo biyya tokko mudatan silaa mootummaan biyya bulchu haala heeraa fi seera biyyaa kabajeen gaaffii hawaasaa deebisuu qaba kan jedhan Dr.Awwal Aloo, kan Sudaan garuu uummataaf gurra kennuu dhabuutu kanarraan ga'e jedhu. ''Silaa pirezidaantichi mootummaa ce'umsaa kan namoota paartii biyya bulchaa jiruun hin oofamne of keessatti hammate hundeessee rakkoo biyya mudateef furmaata kaa'uutu irra ture. Haala kanaan eegamee gaafa filannoo bira ga'amu furmaanni waaraa argamuu danda'a. Garuu aangoon harka waraanaa galuudhaan rakkoo caalutu dhalata malee furmaanni uummanni fedhu hin argamu'' jedhan. ''Waraanni aangoo mi'eeffannaan dhiisee hin deemu'' Seenaa addunyaa kanaa, keessattuu seenaama naannawa Baha Afriikaa kana yoo ilaalle gaafa waraanni dhimma mootummaa gidduu seenee aangoo gurguddaarratti murteessuu eegale biyaattii sana xurree rakkoo irra kaaya jedhan Dr.Awwal Aloo. ''Waraanni aangoo qabatee yeroo dheeraaf ho'ifatee mi'aa aangoo wayita hubatu innis dhiiseetiin deemuu hin barbaadu. Omar Hasan al-Bashir akkanumatti aangoo qabate. Haaluma saniin dhufee waggaa kana hunda taa'e. Kanaafuu waraanni amma aangoo qabate kun dimokiraasiif haala mijeessa jechuun waan hin yaadamnedha.'' Rakkoon nageenyaa Sudaan biyyoota ollaa ni miidhaa? Jijjiiramni Sudaan keessatti ta'e biyyattiif yaaddoo ta'uurra darbee biyyoota ishee marsanii jiraniifillee sodaa guddaa uuma jedhu Dr.Awwal. ''Sudaan biyya guddoodha. Itoophiyaa wajjin hariiroo bara dheeraa waliin qabu. Daangaa dheeraa waliin qooddatu. Sudaan Kibbaas erga Sudaan irraa citee rakkoo nageenyaa hamaa keessa ture. Nageenya biyya kana keessatti fiduuf jalqaba Sudaan nagaa ta'uu qabdi. Sudaan kibbaa rakkoorra buute jechuun ammoo biyyoonni daangaa biyya kanaarra jiran rakkoo keessa galu jechuudha.'' Keessattuu uummanni Gambeellaa kan daagaa Sudaan Kibbaarratti argamu waan hedduu uummata Sudaan Kibbaa waliin qooddachuu isaaniirraan kan ka'e tasgabbiin biyya kanaa uummata Gambeelaaf murteessaadha jedhan Dr. Awwal. ''Hookkarri Sudaan keessaa jijjiirama siyaasa Itoophiyaa gufachiisuu mala'' Rakkoon Sudaan keessatti mudate kan biyya sanaa qofa miti kan jedhan Dr Awwal, biyyoonni naannawa sana jiran hundinuu akka dhimma isaaniitti ilaalanii nageenya biyya sanaaf tumsuu qabu jedhan. ''Biyyoonni daangaa waliin qooddatan rakkoo walirratti ilaaluun furmaata hin ta'u. Tokkoffaa rakkoo mudatuun uummanni buqqa'u gara ollaatti baqata. Biyyoonni Gaanfa Afriikaa amma jijjiirama keessa jiran rakkoo Sudaan keessaan gufachuu malu. Ammas gaafa uummanni socho'uu jalqabu akkaataa humni waraanaa deebii itti kennuuf deemu biyyattii qofa osoo hin taane, biyyoota ollaa mara rakkoof saaxiluu danda'a.'' Mootummaan tokko kufee mootummaan biraan muuxannoo bulchiinsa siyaasaa hin qabne wayita aangootti dhufu waan tolchurra kan balleesutu caala kan jedhu Dr.Awwal jijjiiramni mootummaa bifa bilchina hin qabneen Sudaan keessatti geggeeffame fooyya'iinsa siyaasaa biyyoota Gaanfa Aftriikaa keessattuu Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru ni gufachiisa jedhan. ''Mootummaa duraan ture fonqolchee aangootti kan dhufe caalee hin argamu yoo ta'e karoora biyyattiin biyyoota addunyaa biroo waliin qabdu itti fufsiisa yookiin ni fooyyessa jechuun hin yaadamu. Jijjiirraan Sudaanis hariiroo dhiyeenya kana mootummaa Itoophiyaa wajjin biyyattiin qabaachaa turte ni gufachiisa. Biyyoonni lameen wantoota irratti wal ta'an haaressuun mootummaa haarawaaf dhiyeessuu qabu. Keessaawuu naannoo daangaarratti dhimmoonni daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaa hambisuuurratti hojjechuuf walii galan haalaan yaaddoo keessa seena.'' Keessattuu biyyi guddaan akka Sudaan karoora akka naannawa sanaatti qabame keessaa kan hafu yoo ta'e hojiin dippiloomaasii naannawa Bahaa akka duubatti harkifatu ta'a jedhan. ''Yeroo adda addaa meeshaan waraanaa seeraan alaa Itoophiyaaf yaaddoo nageenyaa hamaa ta'aa ture karaa Sudaan akka seenaa ture ibsamaa tureera.Yeroo sana yeroo mootummaan to'ataa turettiyyuu meeshaan waraanaa kan seenaa turu yoo ta'e mootummaan sirnaan gadi hin dhaabatin yoo dhufu humnoonni daldala meeshaa waraanaa sochoosaa turan hiree gaarii argatu'' Daddabarsi meeshaa waraanaa naannawa Gaanfa Afriikaatti daldala ta'eera kan jedhan Dr.Awwal humnoota kallattiidhaan hojii kana keessatti hirmaatan keessaa isaan jalqabaa waraana waan ta'aniif amma wayita aangoo guutuu harka galfatan akka fedhanitti meeshaa waraanaa daldaluu itti fufu jedhan. Mootummaan laaffannaan daldalli sun janbaatee itti fufa. Yoo kun kan itti fufu ta'emmoo Itoophiyaadhaaf rakkoo guddaadha. Yookaa Itoophiyaan daangaa Sudaan waliin qabduyyuu akka cuftu dirqamsiisuu danda'a. Cufuuf ammoo qabeenya guddaa gaafata. Gama kanaan Itoophiyaa qormaata keessa galchuu mala.'' Mootummaa abbaa hirree kuffisuu fi sirna dimokiraasii hundeessuu jechuun waan adda addaati kan jedhan Dr.Awwal Itoophiyaa keessattis kanuma argaa jirra jedhan. ''Yeroo baayyee mootummaa aangoorraa buusuun ni salphata. Waa diiguun salphaadha. Ijaaruun garuu waan yeroo fudhatuudha. Obsa gaafata. Walii galtee uummataa uumuu feesisa.Ilaalcha adda addaa walitti araarsuu kan walitti mufatee yeroo dheeraaf ture walitti fiduu gaafata.'' ''Biyya dimokiraasiin akka aadaatti gadi hin dhaabatin tokko keessatti hatattamaan jijjiirama barbaadamu fiduun rakkisaadha, Itoophiyaa keessatti wanti ta'aa jiru fakkeenya guddaadha. Biyyoota dimokiraasii yaalanii gara duubaatti deebi'an biroo kanneen akka Ijiptifaa fudhachuu dandeenya. Isaanis hin milkoofne. Uummanni Sudaanimmoo haala hedduudhaan Uummata Ijipti waliin wal fakkaata. Hireen walfakkaatu isaan mudachuu danda'a. Kanaaf biyyoonni naannawa sana jiran hunduu dhimma kana callisanii ilaaluu hin qaban'' jechuun dhaams dabarsan Dr. Awwal Aloo.
oduu-50741328
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50741328
Qarshiif jecha 'hiriyyoota abbaakootu na gudeede'
Torban torbanin waggoota lamaaf dhiironni mana dhufanii ishee gudeedaa akka turan daa'imni ganna 12 gorsitootatti himte. Walakkaa namoota daa'ima kanarratti yakka kana raawwataa turanii abbaan ishee ni beeka ture. Akeekkachiisa: Odeessi kun barreeffama dubbistoota muraasa jeequu danda'u qaba.
Fakkii daa'imni namoota hedduun gudeedamte keenyaa manaa irratti kaafte Daa'imni ganna 12 akka jettutti, wanti amma nutti himuuf jettu kan eegale abbaan ishee dhugaatiif manatti kessummoota affeeruu erga eegale boodadha. Dhirronni dhugaatiif mana isaanii dhufan fuuldura maatii isheetti ishee qoccolu turan. Takka takkammoo, akka isheen jettutti, dhiroonni kunneen kutaa tokkittii mana isaanii jirtuufi siree tokkitti qabaniifi moofofte irratti haadha ishee waliin ni ciisu. Achiiti gaafa tokko, akka isheen yaadatutti, abbaan ishee kutaa takkitti kanatti nama tokko waliin ishee darbatee galchee alaan itti cufe. Namichis ishee gudeede. Ergasii ijoollummaan abjuu hamaatti jalaa jijjirame. Abbaan ishee dhiroota waame, ishee waliin akka ciisan haala mijeessaa qarsii sassaaba ture. Gorsitoonni boodarra kana hubatan ishee gaaafatanii akka isheerraa baranitti hanga yoonaa yoo xiqqaate dhiirota 30'n gudeedamteetti. Abbaan shamarree kanaa takka takka guyyaatti Ruuppii Hindii 1,000 (dolaara 14, ykn Birrii 440) argataa ture haati daa'imaa ni himti. Fulbaana 20 oduu barsiisota irraa dhaga'ameen gareen nageenya daa'immanii hordofu mana barumsaatii ishee fuudhee gaaddisa daa'imman miidhaan saalaa isaan qunnametti geessaniiru. Qondaaltonni garee kanaa akka jedhanitti qorannoo fayyaa taasifamen kan irratti raawwate gudeeddii ta'un isaa mirkanaa'eera. Dhimma kanaan walqabatee dhiironni afur, abbaa ishee dabalatee to'annoo jala oolaniiru. Gudeeddii, xuxxuqqaa saalaafi daa'ima galii irraa agachuuf taasisan jedhamanii himatamaniiru. Hundumtuu wabii dhorkamaniiru. Dhiironni shan biroo abbaan ishee beeku jedhamanii shakkaman gudeeddiifi xuxxuqqaa saalaa raawwachuun shakkaman ammoo poolisiin barbaadamaa jiru. Qorattoonni maqaafi suuraa dhiirota 25 maatiin daa'imaa beeku danda'an jedhame yaadaman daa'ima kanatti agarsiisaa turan. Garuu, ''fuula tokko isaaniyyu hin yaadadhu,'' jechuun daa'imti kun kan deebiste. Ragaan yakkaa akka agarsiisutti daqiiqaa 15 keessatti yoo xiqqaate daa'ima tokko irratti miidhaan ni raawwata Maatiin daa'ima kanaa magaalaa Kibba Hindii argamtu tokko keessatti jiraatu. Rakkoo isheen keessa jirtullee kan barame barsiisonni qe'ee isheen keessa jiraattu mana barumsaaf erga beeksisaniifi manni barumsaas gorsitoota erga gurra buuse boodadha Jalqabarratti waan isheen keessa jirtu baruun rakkisaa ta'us turtii sa'aatii muraasaaf waliin taasisaniin waan keessa jirtu gorsistoota kanaaf himteetti. Kanaaf tooftaa gorsitoonni kun fayyadaman eeramuu ni danda'a. Yeroo kanattis kondomii akka fayyadaman ibsite. Egaa ergasiiti waan ishee keessa jiru baaftee kan dubbatte. Takka takka abbaan ishee qullaa ishee suuraa ka'un dhiroota ishee bira dhufanitti akka ergu himti. Jalqaba bara kana ji'a sadiif laguun ishee waan dhaabbateef maatiin ishee rifatanii turan. Sababa kanaafis mana yaalaa geessanii qorannoo booda qorichi ajajameeraaf. Gorsitoonni kunneen shamarreen kun gudeeddii irra deddebiin raawwateef akka saaxilamte ibsaniiru. Ji'oota lamaan darbaniif shamarreen kun gaaddisa shamarran miidhaa saalaaf saxilaman kununsuu keessa kan jiraattu yoo ta'u, abbaan hidhaa waan seeneef haati qofaa hafteetti. Biyyi Hindii miidhaa saalaa daa'imman irratti raawwatun maqaa gaarii hin qabdu. Miidhaan kunneen gara caalu namoota midhamtoonni beekan kanneen akka hiriyyaa, ollaa akkasumas kaaniin akka ta'an gabaasni qondaaltotaa ni ibsa. Gabaasa bara 2017 walitti qabameen daa'imman 10,221 Hindii guutuu keessatti gudeedamu galmaa'eera. Miidhaan daa'imman irratti dhaqqabu kunis dabalaa dhufeera. Gorsitoonni akka jedhanitti seenaawwan akka daa'ima kanaa dhagahun haaraa miti. Gorsituun biraa tokko akka jettetti yeroo tokko shamarree umriin 15 taate abbaa isheen gudeedamtee ulfoofte. Shamarreen abbaaf ulfoofte kun gaaffii gorsituun kun yeroo tokko daa'ima ulfoofte kana akkam goota jechuun gaafatte akkas jechuun deebiste. "Kan abbaa kooti. Nan guddisaan," jechuun dubbatte.
oduu-54829682
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54829682
Lola Tigraay: Lolli Tigraay akkamiin uumame, garam deemuu danda'a?
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa qaamooleen idil-addunyaa waamicha taasisaniif illeen naannoo Tigraay irratti tarkaanfii waranaa fudhachuu itti fufuuf dhaadateera.
Tigraay Fulbaana darbe sadarkaa naannootti filannoo gaggeeffate Kibxata halkan erga MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajaniin booda gama lixa Tigraayiin lolli adeemaa jiraachuu aanga'oonni gama lameenii himaniiru. Dhaabbatni Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) kan gamtaa dhaabbilee siyaasaa biyya bulchaa turan keessatti olaantummaa qabaachaa turee fi MM Abiy Ahimad jidduutti wal-diddaan ture, naannoon Tigraay qajeelfama mootummaa federaalaa diduun sadarkaa naannootti filannoo gaggeeffatuun booda daranuu cime. Kibxata darbe humnoonni Tigraay buufata waraana federaalaa achi jiru irratti haleellaa raawwachuun ''ajjeechaa, miidhamaa fi badiinsa qabeenyaa'' qaqqabsiisaniiru kan jedhan MM Abiy, waraanni tarkaanfii akka fudhatuuf ajajan. Maaltuu gara lola kanaatti geessee? Mootummaan federaalaa filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa sababii koronaavaayirasitiin yeroo biraatti akka dabarfamu murteesse. Naannoon Tigraay garuu Fulbaana darbee sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuun, hariiroo mootummoota lameenii duraanuu toorarra hin turre hammeessuu akka hin ollee bal'inaan yaadama. Garuu ammoo waldhabdeen qaamoolee lamaani jidduu kan waljalaan guddataa dhufeedha. Partiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale. MM akka hogganaa riiformii taasisuutti ilaalamaa turan Abiy ammoo qondaaltoota mootummaa duraanii malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin miseensoota TPLF gurguddoo kaan hidhanii kaan mootummaa jidduu galaa keessaa baasan. Tarkaanfiin kunis hogganaa tika biyyattii fi qondaala olaanaa TPLF Geetaacho Asaffaa kan gara Tigraayiitti baqate dabalata. TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata. MM Abiy bara daree paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha. TPLF murtee sana, biyya adda qooda jechuun mormuun PPtti makamuu dide. Jalqaa bara kanaattis erga mootummaan federaalaa filannoo biyyaaleessaa dabarsee ammoo wal diddaan caalaa guddate. Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeefate. Paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse. Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan. Jiraataa magaalaa Maqalee Guraandhala 19, 2020 kabaja guyyaa hundeeffama TPLF farda alabaaan faayame yaabee Mootummaan naannoo Tigraay kan TPLFn durfamu mootummaan federaalaa mirga ofiin of bulchuu keenya dhiibuuf aggaamaa jira jechuun komataa ture. ''Qaamaa mirga ofiin of bulchuu fi hiree ofii murteeffachuu kan aarsaa hedduun argannee nurraa mulquuf barbaadu kamiifuu gonkumaa hin jilbiiffannu'' jechuun dureen naannichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'el Hagayya darbe keessa dubbatanii ture. Jalqaba baatii Onkolooleessaatti mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa adda kutuuf manni maree federeeshinii murteesse. Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan. TPLF maaliif hangas murtessaa ture? Erga bara 1991tti sirni Maarkisiistii dargii kufeen booda hanga 2018'tti walta'insa paartiilee siyaasaa ADWUI keessatti TPLF murteessaa fi paartii biyya bulchu ture. Mangistu aangoorraa buusuu keessatti gahee murteessaa kan xabate TPLF, isaan boodas siyaasa biyyatti keessatti osoo hin taanee gama dinagdeetiinis olaantummaa argatee ture. Mangistuu Hayilamaariyaam Fidal Kaastiroo waliin Dabrastiyoon dabalatee, anga'oonni naannoo Tigraay baay'een, mootummaa jiddugalaa keessatti waggoota dheeraf aangoo jajjabaa qabatanii tajaajilaniiru. Dabratsiyoon, kan duraan loltuu turan, hanga MM itti aanaa ta'uutti hojjataniiru. Hanga MM Abiy gara aangootti dhufaniittis jaalleewwanii fi gorsitoonni ammaa Dabratsiyoon biyyattii keessatti iddoowwan murteessoo qabatanii ture. TPLF maal barbaada? Bulchiinsi Tigiraay riifoormii MM Abiy deemsisaa ture akka yaalii caaseffama sirna federaalaa yeroo ammaa jiru kana diigee sirna mootummaa waalta'aa jiddugaleessarraa biyya bulchu ijaaruutti fudhatu. Kana malees, TPLF hariiroo MM Abiy pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Af-warqii waliin qabus hin jaallatu. Hariiroo kana akka "sirrii hin taanetti" ialaala. MM Abiy Badhaasa Noobelii Nagaa bara 2019 kan mo'atan hojii masaanummaa yeroo dheeraa Eertiraa waliin ture hambisuun nagaa buusuu isaaniitiifi. Haa ta'u malee, TPLF hariiroo Eertiraa waliin uumame kana keessatti fedhiin isaa akka ilaalcha keessa hin galletti yaada. Kanarraa ka'uunis hariiroo egeree biyya ollaa Itoophiyaa kana waliin qabaachuurratti gahee qabaachuu barbaada. Ministirri Muummee ammoo aanga'oonni TPLF akka aangoo isaa tuffataniitti ilaalu. Ertiraan walitti bu'insa Tigiraay keessatti hirmaatteettii? TPLF fi mootummaa Eertiraa gidduu waldhibdee yeroo dheeraa turetu jira. Eertiraan ammoo naannoo Tigiraay waliin daangaa dheeraa waliin qabu. Waraanni Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti 1998-2000 taasifame sababii waldhabdee daangaa irratti ture. Keessumaa magaalaa daangaarra jirtu Baadimmee irratti ture. Eertiraan akkaaata murtee komishiniin deeggarsa UNiin hojjetuun Itoophiyaan magaalaa Baadimmee akka deebistuuf barbaaddus kun osoo hin raawwatiin tureera. MM Abiy wayita araara Eertiraa waliin eegalan murtee kana haal-duree malee fudhatanii akka hojiirra oolchan dubbatan. Haa ta'u malee Baadimmeen bulchiinsa Tigiraay jala waan ta'eef tumsa mootummaa naannoo Tigiraay malee kan milkaa'u miti. Waa'ee haleellaa KIbxata buufata humna ittisaa Tigraay jiru irratti raawatame jedhamee yeroo ibsu, waajirri MM Abiy TPLF himateera. "Sobaan akka waan mootummaan Eertiraa ummata Tigiraay irratti lola gaggeessaa jiruu fakkeessuuf TPLF yuunifoormii loltoota Eertiraan uummata gowwoomse" jedhe. Himannaan jedhame kun qaama walaba ta'een hin mirkanaa'iin yeroo jiru kanatti, Eertiraan rakkoo Tigiraay keessa jiru kanaaf deebii kennuuf dhimma keessoo ollaa keessa seentii yaaddoo jedhu kaasuu mala. Pireezidantiin naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el ibsa Kamisa waaree booda TV naannichaa irratti kennaniin Eertiraan lola ammaa keessa harka qabaachuu akeekaniiru. Lolli kun 'lola uummata Tigraay irratti Abiy Ahimadiifi pireezidantii Eertiraa Isaayyas Afawarqiin baname,' jedhan. Loltoonni raayyaa ittisa biyyaa Tigraay keessa turan keessaa muraasni hidhannoo isaanii waliin daangaa qaxxaamuranii gara Eertiraa akka seenanis dubbataniiru. Carraan gara guutummaan waraanatti seenuu hangam? Pireezidantiin Tigraay naannicha eeggachuudhaaf loluuf qophaa'oo akka ta'an dubbatu. Haala jiru hubatanii qophii barbaachisu akka taasisaniif dhalattoota naanichaaf waamicha yeroo taasisanitti, "naannoon isaanii bakka awwaalcha warra dubbii isaan barbaadaniiti," jedhan Dabratsiyoon. "Sararri diimaan dhumaa darbameera," jechuun tarkaanfii fudhachuu kan eegale mootummaan MM Abiy hanga TPLF jilbeeffachiisutti booddeetti waan deebi'u hin fakkaatu. MM Abiy erga lolli kun eegalee as ajajoota waraanaa soorama baahanii turan afur gara raayyaa ittisaatti akka deebi'an waamicha taasisaniiru. Itaamaazhoor Shuumii Itti aanaan waraana biyyattii jeneraal Birhaanuu Juulaa ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin loltoonni raayyaa ittisa biyyaa dabalataa garas geeffamaa akka jiran dubbataniiru. Lolli eegalame kun osoo gara jiddugaleessa biyyaa hin dhufiin achumatti goolabama jedhan jeneraal Birhaanuun. Akka hogganoonni idil-addunyaa gaafataa jiran lolli dhaabbatee furmaatni nagaa kan barbaadamu yoo hin taane carraan biyyattiin guutummaan gara waraana waliinii seenuu bal'aadha.
oduu-48386851
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48386851
Walabummaa ganna 28 Eertiraa, eessaa garam?
Uummanni Eertiraa sirna gita bittaa moototaafi kan abbaa irree waliin waggoota 30'f wal'aansoo qabaa ture. Lubbuu kumaatamaan lakkaa'aman itti wareeganii bilisummaa qawweefi filannoon argatan waggaa 28ffaa tibba kana kabajataa jiru.
Biyyattiin erga kolonii Italii fi Ingiliiz jalaa baateen booda ergama Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin A.L.I bara 1946 federeeshinii Itoophiyaa jalatti akka bultu ta'e. Mootiin Itoophiyaa yeroosi Hayilasillaaseen federeeshinicha waan hin feeneef hayyama Eertiraanotaa malee jigsee of jalatti bulchuu eegale. Federeeshinichi diigamuun kan isaan mufachiise Eertiraanoti Fulbaana bara 1961 qabsoo hidhannootti seenan. Qabsoon hidhannoo qabsaa'ota muraasaan eegalamee suuta suutaan yeroo guddachaa deemutti, addaan qoqqoodamuu mudate. Gareen Isaayyaas Afawarqiin durfamu garee 'Tehaahe' jedhamu irraa foxxoquun bara 1970'tti adda bahee 'Hizbaawii Hayilataat' ykn 'Shaabiyaa' garee jedhu hundeesse. Bara torbaatamoota keessa gareen kun humna namaafi muuxannoon guddachuun magaalota Eertiraa haarka caalan bilisa baasee ture. Haata'u malee, bara 1978 Dargiin mootummaa Siyaadi Baarree erga moa'teen booda waraana humna guddaa qabu bobbaasuun magaalawwan garee kanaan qabamee ture deebisee to'ate. Loltoota garee kanaas gara gammoojjii Saahiliifi Baarkaatti isaan deebise. Irra deddeebi'uun haleellaa gurguddaa raawwatus garee kana dhabamsiisuu garuu hin dandeenye. Bara 1980 Shaabiyaan mootummaa Dargii fi hawaasa addunyaatiif uummanni Eertiraa karaa seera qabeessa ta'een rifarandamiidhaan hiree ofii akka murteeffatu waamicha dhiyeessus dhageettii hin arganne. Caamsaa bara 1991 waraanni Dargii injifatamee Wayyaaneen Finfinnee yoo galu, Shaabiyaan ammoo Asmaraa to'atee mootummaa ce'umsaa hundeesse. Mootummaan Eertiraa bilisummaa afaan qawweetiin argate seera qabeessa taasisuu waan barbaadeef riifarandamii gaggeesse. Riifarandamii taasifameen sagalee deggarsaa %98.9tiin bara 1993 biyya ofii hundeeffachuun hawaasa addunyaatti makame. 'Borumtaa walabummaa' Qabsoo hadhaawaa waggota 30'f ture booda uummanni Eertiraa injifannoo argatetti gammaduun sirna heera mootummaan deggarame hundeeffatee fuula misoomatti deebifate. Lammileen Eertiraa biyya alaa jiraatanis biyya isaanii misoomsuu keessatti hirmaachuuf qabeenyaafi muuxannoo qaban waliin gara biyyaatti deebi'uu jalqaban. Haa ta'u malee seerawwan mootummaan yeroo biyyattii diriirseefi haala bulchiinsaa irratti lammileen komii kaasuu eegalan. Gariin 'akkas ta'a jennee hin eegne' jechuun gara dhufanitti yoo deebi'an, wanti akkasii waanuma yeroo ce'umsaa keessa mudatudha jechuun abdiidhaan walabummaa argame dhandhamachuu kan itti fufanis jiru. Guyyaan walabummaa biyyattiis waggaa waggaan abdii kanaan kabajamuu eegale. Yeroo sanatti dhaaba aangoo mootummaa Itoophiyaa qabate waliin hariiroon gaariin waan tureef, uummanni Eertiraa abdiidhumaan biyyoota lamaan gidduu akka fedhetti socho'uudhaan daldalachaa ture. Haata'u malee, yeroo gabaabaa keessatti mootummaan Eertiraa karaa daangaa Muusaa Alii Jabutii waliin, Odoloota Hanish irratti ammoo Yaman waliin akkasumas garaa garummaa siyaasaatiin ammoo Sudaan waliin waraana jalqabe. Biyya isaanii waraanaan mancaatee turte ni ijaarra abdii jedhuun dargaggoonni tajaajila biyyaalessaa ji'oota 18'f galmaa'anii turan waranaa kana irratti wareegamaniiru. Kun uummata Eertiraa hedduu kan rifachiise ture. Bara 1994 kora sabaa kan gaggeeffate Shaabiyaan Shangoo biyyaalessaa ijaaree Komishinii heera mootummaa wixineessa jedhame hundeesse. Uummannis paartileen siyaasaa dorgomanii aangoo qabachuudhaan sirni diimokiraatawaa ni ijaarama abdii jedhu horatan. Bara 1998 ammoo yeroo qabsoo hidhannootti michoota kan turan Wayyaanee fi Shaabiyaan sababii daangaatiin waraana waggoota lamaaf ture gaggeessaniiru. Waraanichi gama lamaaniinuu lubbuu dargaggoota kuma dhibbaan lakkaa'amani galaafachuurra darbee egeree biyyoota lamaanii waan dukkaneessa ta'e. Pirezidaant Isaayyaas Afawarqii waraanni ture sun misooma uummata Eertiraa gufachiisuudhaaf ta'e jedhamee Ameerikaadhaan shira xaxamedha jechuun dubbatu. Waliigaltee biyyootni lamaan Aljersitti Mudde bara 2000 mallatteessaniin booda waraanni dhaabbatulleen nagaan biyyoota lamaanii guutummaatti bakkatti hin deebine. Aanga'oota achi buuteen isaanii dhabame Hayyoonni 'Gujillee 13' jedhamanii beekaman Jarman magaalaa Barliinitti walitti qabamuun carraan biyyattii gara fuula duraa maal ta'uu akka qabu yaada isaanii xalayaadhaan pirezidant Isaayyaasiif erganii turan. Ta'us garuu firii hin godhatiin hafe. Xiqqoo turees 'G15' jedhamuun kan beekaman aanga'oonni mootummaa, qondaaltonni waraanaafi janaraalonni kan keessatti argaman qabsaa'onni buleeyyiin, dhimma biyyattiirratti akka mari'ataniif pirezidaant Isaayyaas akka walga'iif isaan waaman gaafatani ture. 'Dogogoraa jirtu' jechuudhaan uummataafi qabsaa'ota kanaafis xalayaan deebii barreeffameef. Kana waliin wal-qabatees garee kanaafi pirezidaanticha gidduutti wal-dhabdeen uumame cimaa dhufee gareen jiijiirama barbaadu humna horachaa yaada isaaniis gaazexoota dhuunfaa irratti ibsuu itti fufan. Fulbaana bara 2001 garuu miseensonni garee kanaa hidhamanii, gaazexoonni garee kana deggaranis cufaman. Aanga'oonni mootummaafi qondaalonni waraanaa kunneen yakka biyya ganuudhaan himatamanii mana murtii walabaatti osoo hin dhiyaatiin, mirgi isaanii osoo hin kabajamiin hanga har'aa eessa akka jiran hin beekamu. Yeroo gara garaatti eegdota dhuunfaa aanga'oota kanneeni kan turaniifi baqatanii kan biyyaa bahan akka jedhanitti, baay'een isaanii dhukkubaafi qilleensa dhabuudhaan du'aniiru. Mootummaan Eertiraa garuu hanga dhiyeenya kanaatti deebii osoo hin kenniin tureera. Waggaa dhiyoo as garuu Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Osmaan Saahilee miidiyaa Firaansi tokko waliin gaaffiifi deebii taasisaniin "hundumtuu lubbuudhaan jiru, fayyaan isaaniis haala gaariirra jira" jechuun deebii kennanii turan. Jiruu baqaa dargaggoota Eertiraa Bara 2002 himannaa Eertiraan Al-Shabaabiin deeggarti jedhuun akka meeshaa waranaa bitachuu hin dandeenye uggurri irra kaa'ame. Siyaasni bara 2001 turee fi waliigaltee Aljers fudhachuu diduun Wayyaanee jireenya lammilee Eertiraa hadhaawaa taasiseera. Sababa nagaan guutummaatti Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti hin deebineef, maqaa walabummaa biyyaa kabachiisuu jedhuun dargaggooonni hedduun dirqiin gara dirree waraanaatti guuramuun itti fufe. Tajaajilli waraanaa biyyaalessaa dirqii kun da'oo keessati hidhamuufi bulchiinsi gaarii dhibuun itti dabalamee akka dargaggoonni Eertiraa gara miilli isaanii isaan geessetti baqatan isaan dirqeera. Imala baqannaa keessattis dheebuufi gammoojjii Sahaaraa, akkasumas shiftoota Sana'aafi dambalii galaanaatiin kan dhuman, bakka buuteen isaanii kan hin beekamne hedduudha. Namoonni baqatan baay'achaa dhufuufi sagaleen warra miidhamanii hedduu dabalaa waan dhufeef Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii sarbama mirgoota namoomaa Eertiraa keessatti raawwatame jedhamu akka qoratuuf garee tokko hundeesse. Haata'u malee, gareen hundeeffame kun Eertiraa seenee akka hin qoranneef biyyattiin waan hayyama dhoowwatteef komishiniin miseensota sadii qabu hundeeffame. Komishiniin kunis qorannoo waggaa lamaan booda Eertiraa keessatti sarbamuun mirgoota namaa hedduun akka raawwatamu bira ga'eera jedhe. Yakka kana kan raawwatanis aanga'oota mootummaa waan ta'aniif mana murtiitti dhiyaatanii akka gaafatamuu qaban ibsee ture Komishinichi. Mootummaa Eertiraa garuu shira mootummaa dadhabsiisuudhaaf taasifamedha jechuun murtee sana haaleera. Dhufaatii Abiy Ahimad Kun osoo kanaan jiruu bara darbe baatii Eebla keessa Ministira Muummee Itoophiyaa ta'uudhaan kan filataman Abiy Ahmad waliigaltee Aljers fi murtee komishinii daangaa haal-duree tokko malee akka fudhatan himan. Mootummaan isaanii Eertiraa waliin nagaa buusuu akka barbaadus dubbatan. Pirezidant Isaayyaas ammoo kabaja guyyaa wareegamtootaa Waxabajji 20 yeroo kabajanitti "Wayyaanee Game Over" jechuudhaan jila gara Itoophiyaatti akka ergan ibsan. Boodas hoggantoonni lamaanuu gara magaalaalee guddoo biyyoota lamaniitti yeroo imalan simannaan ho'aan taasifameeraaf. Waliigaltee mallattessuudhaan daangaan biyyoota lamaanii akka banamus taasisan. Hariiroon daldalaa yeroo jalqabamus uummatichi abdii horate. Haata'u malee, daandiiwwan biyyoota lamaan wal-qunnamsiisan afran ji'oota muraasa dura guutummaatti cufamaniiru. Erga araarri bu'ee booda akkuma Abiy Ahimad Itoophiyaa keessatti taasisan, pirezidaant Isaayyaas warri sababa ilaalcha siyaasaan hidhaman akka hiikaman, lammileen Eertiraa ilaalcha siyaasaan gargar faagaatanis walitti dhiyaachuun akka hojjetan waamicha ni taasisu jedhame eegamee ture. Lammileen biyyattii heerri mootummaa wixineeffame akka hojiirra ooluu, nagaafi dimokiraasiin akka hojiitti jijjiiramu eeganis wanti abdii namaaf kennu tokkoyyu hin mul'anne. Hundaa ol garuu waliigalteen Itoophiyaa waliin taasisan tokko tokkoon akka isaanitti himamu lammileen biyyattii eeganii turan. Dhimma biyya keenyaa maaliif karaa hoggantoota Itoophiyaa dhageenya komiin jedhu miidiyaalee hawwaasummaa gara garaa irratti ibsamaa tureera. Guyyaa Walabummaa Lammileen biyyattii hedduun bakka jiranitti ayyaana walabummaa biyyattii Caamsaa 24 sirnoota gara garaan kabaju. Kanneen mootummaa morman garuu hanga pireezidant Isaayyasa mirga lammilee hin kabajnetti, hanga diimokiraasiin hin jirretti hiikaan walabummaa maali, ayyana kana kabajuun hoo faayidaa maalii qabaata jechuun gaafatu. Ji'a darberraa kaasee ammoo lammileen Eertiraa magaalaalee biyyoota addunyaa gara garaa jiraatan 'Ni ga'a' jechuudhaan, Eertiraa keessatti heerri mootummaa akka jiraatuufi mootummaan ce'umsaa akka hundeeffamuu waamicha dhiyeessaa jiru. Bara kana guyyaan walabummaa 28ffaa miira kanaan kabajamaa jira. Guyyaa Walabummaa bara kanaa irratti pirezidaantichi haasawaa taasisaniin, waan uummataaf abdii kennu tokko akka dubbatan eegamaa jira.
53133542
https://www.bbc.com/afaanoromoo/53133542
‘Hanga yoonaa haqa hin arganne - Maatii Janaraalota ajjeefamanii
ALI Waxabajjii 15, 2011 galagala Pirees Sekreetaariin Waajira Ministira Muummee obbo Nugusuu Xilahuun Naannoo Amaaraatti ''fonqolcha mootummaa'' yaalameen Pirezidantii naannichaa dabalatee aanga'oota mariirra turan irratti haleellaan raawwatame jechuun miidiyaa biyyaalessaarratti ibsa kennan.
Sa'aatiiwwan muuraasa boodas MM Abiy Ahimad ibsa dabalataa kennuuf miidiyaatti bahuun ibsa kennaniin haleellaa Naannoo Amaaraatti raawwatame to'achuuf manaa hojjechaa kan turan hoogganaan humna waraanaa Itoophiyaa Jeneraal Sa'aare Mokonniin fi michuu isaaniirratti haleellaan qaqqabuu himan. Awwaalchi Janaraal Se’aree Mekonnin Maqaleetti raawwatama ‘Ijoollee abbaa hingalleef karra ilaalaa jirtu’ -Hadha Warraa Dr. Ambaachoo Biyya ce'uumsarra turte kana keessatti ajjeechaawwan aanga'oota mootummaa olaanoorratti raawwatame kun naasuu guddaa uume. Waggaa har'aa ajjechaa raawwatameen kanneen lubbuu isaanii dhabaniif sirni yaadanno bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kan gaggefame yoo ta'u, Finfinnee keessa daandiin Riqicha Riwaandaa ka'ee hanga Atilaas jirus maqaa Janaralaa Sa'aareen moggaafameera. Daandiin kun waggaa har'aa bakka Janaraal Se'aareen biqiltuu itti dhaaban ture. Kune erga ta'ee waggaan tokko darbuus haqni akka hin argamne maatiin Janaralaa Sa'aaree Mokonniniifi M/Janaraal Gezaa'ii Abarraa ni dubbatu. Biyyaaf janaraalonni oolmaa oolaan dagatamaniiru jedhu. Taateen sun akkam ture? Gaafa ajjeechaan raawwate Janaraal Sa'aareen sirna biqiltuu dhaabuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee qopheesserratti Kantiibaa Itti aanaa Taakkalaa Uumaa waliin hirmaatanii turan. Yeroo manatti deebi'an dirqamni hooggansa isaanii barbaadu dhalachuun itti himame. Taatee Baahirdar bilbilanii kan Janaraal Sa'aareetti himan MM Abiy ta'uu dubbatu hatii warraa isaanii koloneel Tsiggee Alemaayehu. M/J Gezaa'iin wayita dhufaniis Janaraal Sa'aareen mana keessaa bilbilaan haasa'aaa akka turan himu. Sa'aa 3:12 irratti taatee kana ilaalchisee Televeziyooniin Amaaraa maal gabaasaa akka jiru akkan hordofu dubbaneet ani gara saaloonii darbe. Anaa gara Saalonii darbee Chaanaalii barbaadaa jiru rasaasni tokko dhuka'e. Achiis irra deddeebiin dhukaafame. Fiigee yeroon dhaqu lamaanuu bakka jiranitti rukutamanii gurbaan ajjechaa san raawwate ammoo miilla Se'aaree jalatti kufeen arge. Janaraal Gezaa'iin battalamutti ture kan lubbuun keessaa bahe. Janaraala Sa'aare garuu eegdonni gara Hospitaala dhiyeenyatti argamu Hospitaala Waashingitanitti geessanii turan'' jechuun haala ajjeechaan kun itti raawwatame yaadatu koloneel Tsiggeen. Guutuu biyyaatti guyyaan gaddaa labsame Eegduun Janaraal Sa'aaree miilla isaanii jalatti kufee ture tasa bakka kufee ka'ee fiigee miliquuf yoo yaalu eegduu biroo waliin walitti dhukaasuun miliquus yaadatu. Haatii Warraa M/Janaraal Gazaa'ii Abarraa Aadde Ababaa Zamikaa'eel ammoo abbaan warraa isaanii ALI bara 2005'tti soorama erga bahanii booda bara obbo Hayilamaariyaam Dassaalany aangoorra turan deebi'anii hanga lubbuun isaanii darbettii hojii mootummaa hojjeechaa turanii jedhan. Dilbata ganama gara Maqaleetti imaluuf karoorfatanii akka turaniifi Sanbata Janaraal Sa'aaree dubbisuuf deemanii lubbuu isaanii dhabuu Aadde Ababaan ni yaadatu. ''Dhimma hojiif ture kan deeme. Gidduutti bilbileen hin dhiisifattaa? jedheen. Tole Sa'aaratu bilbila qabatee jira hin fixne. Dhufe naan jedhe. Haasaa keenya isa xumuraa ture. Turees bilbileefiin bilbillisaa hin ka'u. Booda bilbilamee natti himame'' jechuun haala ture yaadatu. Ajjeechaan kun erga raawwatamee har'a waggaa tokooffaa isaati. Haa ta'u malee, waggaa tokkoon duubas ajjeechaa kana ilaalchisee wanta miidiyaa hawaasarratti dubbatamuun alatti wanti beekaniifi dhagahan akka hin jirre Koloneel Tsahaay BBC'tti himaniiru. ''Dhimmi kun anaaf dararaa guddaadha. Sa'aareefi Gazaa'iin ummata osoo tajaajilanii ibiddaan gubatan. Namni ajjeechaa raawwate qabameera jedhama. Gama haqaan maaltu hojjetamaa akka jiru wantin beeku hin jiru. Manni keenya dukkanaaaheera. Onneen keenya dukkanaa'era.'' ''Itti dabaluunis Sa'aareen abokaatoofi nama waaye isaa gaafatu dhabeera. Nuti humna keenyaa ol waan ta'eef eenyuun akka gaafannuu wallaallee, ani cinqameen jiraa,'' jedhu. Haati warraa Meejar Janaraal Gazaa'is ''biyya mootummaan Federaalaa, Raayyaan Ittisaafi tikaa jirutti hooggantoota olaanoo kan eenyu ajjeese kan jedhu? maaliif ajjeefaman kan jedhu irratti deebii argachuu malla ture. Maatiidhaaf callifni kun du'a caala'' jedhan. ''Eega miidhamni kun nurra gaheen booda abbaan aangoo hanga ammaa nu gafate hin jiru uummatni Itoophiyaa haa faradus'' jedhu
oduu-51353929
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51353929
Itoophiyaatti ammas shakkamtootni Koronaavaayiras afur adda bahan
Itoophiyaan ammas namoota afur koronaavaayirasiin shakkaman adda baasuu beeksifte.
Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa akka beeksisetti namoonni afran kuni kanneen torbee darbe shakkamanii adda bahaniin alatti. Namoonni amma shakkaman afur adda bahanii hordofamaa kan jiran keessaa tokko naannoo Tigraay magaala Aksumitti hordoffiin taasifamaafii jira. Namoota kanneen keessaa 3 lammiilee Itoophiyaa yoo tahan tokko lammii Chaayinaati. Saamudni namoota afran kanneenii fudhatamee qorannoo dabalataatiif gara Afrikaa Kibbaatti ergamuus Daayirektarri Olaanaa Instituutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa Dr. Eebbaa Abaataa ibsaniiru. Amajjii 28 ibsa Ministeerrii Fayyaa kennee tureen akkasuma qorannoo jalqabaa namootni mallattoo Vaayirasii kanaa agarsiisan afur shakkamanii adda baafamuu beeksisee ture. Samuudni dhiigaa namoota kanaa qorannoo dabalataaf Afrikaa Kibbaattii ergame garuu bilisa ta'uu isaanii mirkaneesseera. Of eeggannoo tamsa'ina Vaayirasii kanaa jecha daandileen Xiyyaaraa biyyoota hedduu imala gara Chaayinaafi achiis gaa biyyoota kaaniitti qaban kan adda kutan yoo ta'u daandiin xiyyaaraa Itoopiyaa garuu of eeggannoo cimaan imala isaa itti fufuu beeksiseera. Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa sababa hariiroo Chaayinaa walii qabaniin biyyootni Chaayinaarraa imala hedduu raawwataniin saaxilamuumaan Vaayirasii kanaaf qaban guddaadha jedhee adda baase keessaa Itoophiyaan tokko. Dr. Eebbaa Abaataa ibsa miidiyaaleef kenneeniin Imalaan chaayinaarraa dhufu tokko buufata Xiyyaaraa keessatti iddoowwan saditti qorannoon hoo'inaa erga taasifameefii booda baha jedhaniiru. Imaltoota Chaayinaarraa dhufanii boodas bakka qubatanitti hordoffiin taasifamaa jira. Imaltoota gara Chaayinaa deemaniifis hojiin hubannoo uumuu kennamaa jira. Mala geejjibaa xiyyaaran ala tahan kan akka daandii baabura Itiyoo-Jibuutii irrattis magaala Dirree Dhawaatti hojiin calallii hoo'aa eegalameera. Imala galaanarraa Itoophiyaadhaan walqunnamsiisan 27 jiraachuu eeruudhaan imalawwan kun bakka itti walgahan magaala Dirree Dhawaatti hojiin kuni kan eegalame. Buufata Boolee caffaatiin alatti bakka yaala addaa naannoo kiiloo 4tti banamee qophaaheera jedhan.Dhimmoonni yaala ariifataa fi cimaa barbaadan yoo uumameefis Hospitaalonni mootummaa lama qophaahaniiru. Hanga ammaatti imaltoonni 47,000 ol ta'an hojii calallii kana keessa darbaniiru. Kanneen keessaa 1,695 kan ta'an biyyoota Vaayirasiin kun itti mul'ateera jedhaman irraa dhufan. Imaltoota Chaayinaarraa dhufan guyyoota 14'f addatti tursuun garee hordoffii taasisu hundaa'uu Instituutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksiseera. Ogeeyyii fayyaa hordoffii kana tasisaniif leenjiin hubannoo cimsu kennamaa akka tureefi itti fufee kennamaa jiraachuus beeksiseera. Daangaaleen seensaa fi bahumsa biyyaa 27 qorannoo jalqabaa Vaayirasii kanaatti jiruu jedhameera.
53296230
https://www.bbc.com/afaanoromoo/53296230
'Haacaaluun jiraatti weelluun akkuma godhe du'a isaattillee Oromoo tokko taasise'-NYTimes
Hacaaluun akkuma jiraatti weelluu qabsoo isaatiin lammilee bilisummaafi haqaaf falman tokkoomse du'a isaattillee Oromoo Lixaafi Bahaa, Kaabaafi Kibbaa akkasumallee alaafi keessa jiran tokko taasiseera jechuun gaazexaan beekamaa Zee Niiwuu Yoork Taayimsi gabaaseera.
Erga Artist Hacaaluu Hundeessaa Wixata galgala Finfinneetti ajjeefamuun isaa dhaga'amee miidiyaaleen addunyaa gurguddoon Ameerikaa, Kanaadaafi biyyoota Awurooppaa hedduu walitti fufiinsaan gabaasaa jiru. Dhimmi ijoon miidiyaaleen kunneen irratti xiyyeeffatanii gabaasan ammoo weelluuwwan isaa humna guddaan Qeerroo sochooseefi warraaqsa qalbii addunyaa keessa seene sochoosaa ture ta'uu isaati. Miidiyaaleen kanneen keessaa warri akka Al-Jazeera sirboota isaa keessaa hedduu kan jaallatamu yeroo mormiin Maaster Pilaanii Finfinnee dhohetti gadhiifame, Maalan Jira…? jedhu gidduudhaan dhiyeessaa dhimmi ajjeechaa Hacaaluu, taateewwan ajjeefamuu isaan walqabatanii ta'aa jiran akkasumas siyaasa Itoophiyaa hayyoota xiinxalchiisa. Kana malees, miidiyaaleen addunyaa gaggeessaafi hokkara bakka awwaalcha Hachaaluun walqabatee uumameen namoonni bakka dhaloota isaa magaalaa Ambootti fira isaa keessaa dabalatee namoonni ajjeefamuu gabaasaniiru. Ajjeefamuu Hacaaluun walqabatee aanga'oonni siyaasaafi qalbii uummata Oromoo keessa jiru jedhaman akka Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaafi kanneen biroo hedduun to'atamuu isaanii miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru. Mormii ajjeefamuu Hacaaluutiin guutummaa Oromiyaatti dhohuu isaatiin walqabatee ,mootummaan Itoophiyaa interneetii cufuusaas gabaasaa jiru. OMN cufamuufi gaazexeessitoonni isaa to'annaa jala oolfamuunis miidiyaalee kanneeniin xiyyeeffannaa argateera. BBC'n afaan Ingiliffaan oduu dhedheeraa waa'ee Hacaaluu barreesseen, ajjeefamuu isaafi ajjeefamuu isaatiin walqabatee waan uumamaa jiru kaaseera. BBC'n oduu bal'aa waa'ee Hacaaluu gabaaseen waa'ee seenaa ijoollummaa isaa, turtii mana hidhaa keessatti dabarsee, akkamitti akka muuziqaa jalqabeefi sirboota qabsoo isaa human qaban kakkaasuun seenesseera. BBC'n waa'ee Hacaaluu Ingiliffaan alattis BBC Arab dabalatee bal'inaan gabaaseera. CNN ammoo oduu bal'isee waa'ee Artist Hacaaluu gabaase keessaa tokko suura Hacaaluu eeboofi gaachana qabatee, anfaarroo uffatee dhaabatuun itti seenee taateewwan ajjeechaa isaa waliin walqabatan kaaseera. Kana malees, qabsoo bara 2015 jalqabamee bara 2018 jijjiirama fidee duuba nama jirudha jechuun eenyummaa isaa ibseera CNN. Miidiyaalee waa'ee Hacaaluu, ajjeefamuu isaafi taateewwan isaan walqabatanii uumaman gabaasaa jiran keessaa DoocheVeeleen (DW) warra Jarmanii tokkodha. 'Sagalee Warraaqsaa' Dooche Weeleen barreeffama afaan Ingiliziitiin marsaa lamaan baaseen waan hedduu seenesseera. Maddawwan gara garaafi namoota waa'ee Hacaaluu dubbachiisuun kan dhiyeesse DWN'n Hacaaluutiin 'Sagalee warraaqsaati' jedheera. Haacaaluun sagaleen dhaloota garbummaa didanii akka dhaga'amuuf kan 'humna elektiirikaa ta'eef' jechuun ibsa. DW'n gabaasa isaa itti fufuudhaan sirba Hacaaluu bara 2015 bahe "Maalan Jiraa…?" jedhu gadi fageenyaan ibseera. Sirribichi dhiibamuu Oromoon baroota hedduuf keessa darbaa dhufe kan agarsiisuu fi gidiraa dhuma hin qabne Oromoon Finfinneefi naannawaa ishee jiraatan dhugaa jiru kan agarsiise akka ta'e dhugaa ba'aaf. Sirba "Maalan Jiraa…?" jedhutti aanee bahe "Jirra" jedhus hedduu kan jaallatameefi Oromoon eessa akka jiran kan hubachiiseefi fuulduratti ammoo garamitti akka deemaa jiran kan himedha jechuun ibse DW. Karaa biraan DW tarkaanfiiwwaan aanga'oonni mootummaa ajjeefamuu Hacaaluu booda fudhatan 'ibidda irratti beenzila' naquudha jechuun gabaaseera. Mormii ajjeefamuu Hacaaluutiin walqabatee namoonni ajjeefamuufi hidhamuun Oromiyaa keessatti gabaafamuu isaa yaadateera. Yeroo ummanni miira gaddaafi dheekkamsa keessa jirutti OMN cufamuuniifi Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaan fa'aa hidhamuun daran dubbii hammeessina jedha. Hacaaluun gaaffiifi deebii yeroo dhumaa OMN irratti taasisarratti namoota hojii isaa hin jaallannerraa doorsisni ajjeechaa akka isa qaqqabu himuun doorsisaaf akka hin jilbeeffanne dubbachuu isaallee DW yaadateera gabaasa isaa kanaan.
oduu-54128681
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54128681
Koronaavaayiras: Talaallii Covid-19 eenyutu jalqaba argata, akkamiin?
Saayintistoonni talaallii koronaavayirasii osoma argataniillee kutaalee hawaasaa hundaan ga'uun rakkoodha.
Laabraatooriiwwan qorannoo fi dhaabbileen qoricha oomishan yeroo tallallii sirrii itti argatan, yaalaiifi gara oomishuutti ce'an irratti qajeeltoowwan ittiin hoogganaman haaraa uumaa bulu. Talaalliin kun addunyaa maraaf sirriitti akka raabsamuuf tarkaanfiwwan hin dinqisiisoo ta'an fudhatamaa jiru. Ta'us garuu dorgommii talaallicha argachuu keessatti biyyootni dureeyyiin biyyoota hiyyeeyyii teellaatti gatuun, mo'achuu danda'u sodaan jedhu jira. Kanaaf eenyutu jalqaba argata, gatiin isaa hangam ta'a, yeroo rakkoo kanatti namni talaallicha hin argatiin hafu akka hin jiraanne gochuun akkamiin danda'ama? Talaallii dhibeewwan daddarbanii argatanii, yaalanii dhiyeessuun waggaa dheeraa fudhata. Erguma argamee tajaajilaaf dhiyaateellee bu'a qabeessummaa fi miidhaarraa bilisa ta'uunsaa wabii guutuu hin qabu. Dhibeewwan daddarboo keessaa hanga ammaatti kan balleessuun danda'ame - maariiyyeedha (smallpox)- kunuu waggaa 200 fudhate. Kan hafan kanneen akka pooliyoo tetaanasii, gifira, TB fi maangurro (mumps) sababa talalliin isaanii jiruuf, walumaan jiraanna. Talaalliin koronaavaayirasii yoomitti ga'uu danda'a? Taallalliin kam koronaavayirasii ittisuu danda'a kan jedhu baruuf hirmaannaa namoota hedduun yaaliin gaggeeffamaa jira! Hojiin yeroo hedduu waggaa shanii hanga 10 fudhatu, gara ji'ootaatti gabaabfamaa jira. Oomishnis ammoo hirmaannaa investarootaafi oomishtoota hedduu kanneen qarshii doolaara biliyoona hedduu baasaniin dabalaa jira. Raashiyaan talaalliin 'Sputnik-V' jedhamu dhukkubsattoota irratti mallattoo dhibicha ittisuu waan agarsiiseef Onkolooleessa keessa kennamuu ni eegala jetti. Chaayinaan ammoo talaallii milkaa'eee qondaltota waranaaf dhiyaate qabaachuu himti. Ta'us garuu ariitii itti talaalliin lamaanuu argaman jedhame yaaddoo uumeera. Talaalliwaan akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaattis yaalii sadarkaa sadaffarra jiranis akkanuma. Dhaabbati Fayyaa Addunyaa(WHO) akka jedhutti talaalliin koronaaviyarasii hanga giddu galeessa bara 2021'tti kennamuu kan eegalu hin fakkaatu. Dhabbati omisha qorichaa Biriteen 'AstraZeneca' yoo talalliin hojjachaa jiru milkaa'e talaalliiwwan gara miiliyoona 100 addunyaa irratti raabsuuf walii galeera. Dhaabbileen Pfizer fi BioNTech jedhaman ammoo Onkololeessa bara kanaatti raggaasifamuu barbaadu. Kana jechuun dhuma 2020 ttti talaalliin miiliyoona 100 yoo qophaa'e dhuma 2021 tti biiliyoonni 1.3 qophaa'uu danda'a jechuudha. Yeroo ammaatti dhaabbileen qoricha oomishan 20 ta'an talaalli yaaluutti kan jiran yoo ta'u hundi isaanii waan milkaa'an miti. Yeroo hedduu yaaliwwaan talaallii %10 qofaatu milkaa'a. Ta'us garuu talaalliiwwan kana keessa tokkollee yoo milkaa'e, ariitii keessa hanqinni jiraachuun isaa kan hin oolledha. Raabsaa talaallii irratti offittummaa hambisuu Mootummoonni talaallii uumamuu danda'u argachuuf dursanii utuu wanti mirkanaa'e hin jiraatiin miiliyoonaan argachuuf waligaltee taasiisaa jiru. Fakkeenyaaf mootummaan UK, talaalliiwwan milkaa'uu danda'uus dhiisuus malan ja'a waliin waliigaltee mallatteesseera. US ammoo Amajjii dhufu keessa talaallii milkaa'uu danda'a jettu doozii miiliyoona 300 argachuuf yaalaa jirti. Garuu biyyootni hundi waan akkanaa gochuuf dandeettii isaa hin qaban. Dhaabbileen akka 'Medicines Sans Frontiers' kan yeroo hedduu dursanii talaallii raabsan, dursanii dhabbilee qoricha oomishan waliin waliigaltee gochuun "amala talaalliin biyyoota dureeyyiin qabamuu" uuma jedhu. Kun ammoo biyyoota hiyyeeyyiif talaallichi akka hanqatu godha. Gargaartuun Daarektara Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO) Doctor Mariyaanjela Simayo " wal qixxummaan akka raabsamu gochuun hojii cimaa ta'a , biyyoota caalaa kaffaluu danda'an qofa osoo hin taanee hundi akka argatan gochuun dirqama." Qaamnii idil-addunyaa talaalli to'atu jira? Dhaaabbatni Fayyaa Addunyaa gartuu deebii weerara dhibeewwaanii 'Cepi' jedhamuu fi Waldaa talaallii tokkummaa mootummootaa 'Gavi' jedhamu waliin ta'uun wali qixxummaan akka jiraatuuf hojjaachaa jira. Hanga ammaatti biyyootni dureeyyiin 80 ta'an karoora talaallii idil addunyaa 'Covax' jedhamu, dhuma bara 2020tti raabsaafi bittaan qorichaa addunyaa wal gita akka ta'uuf doolara biiliyoona 2 walitti qabuuf mallatteessaniiru. US kan WHO keessa ba'uu barbaaddu gartuu kana keessa hin jirtu. Covax'f gumaacha taasisuun hirmaattonni kun biyyootiin hiyyeeyyii 92, Afrikaa, Eshiyaa fi Laatin Ameerikaa keessa jiranis, "hatattamaa fi wal qixxummaan" talaallii Covid-19 akka argatan gochuuf abdatu. Gatiin isaa hagam ta'a? Oomisha talaallii kanaa irratti doolaarri biiliyoona hedduu ba'aa kan jiru yoo ta'u, bittaa fi dhiyeessa irrattis dabalataan miiliyoonni hedduu waadaa galamaa jira. Gaatiin talaallii tokkoo, gosa isaa, dhaabbata oomishaafi lakkoofsa talaallii ajajamuu irratti hundaa'a. Fakkeenyaaf, dhaabbatni qoricha oomishu 'Moderna' jedhamu gatiin talaallii isaa milkaa'uu danda'u tokkon isaa doolara 32 hanga 37 gidduu ta'uu danda'a jedhama. Dhaabbanni 'Siirum Indiyaa (SSI)', dhaabbatii talaallii jumlaan oomishuun tokkoffaa ta'e, biyyoota galii gad aanaafi giddu-galeessaa qabaniif talaallii miiliyoona 100 hiruuf yaada. Kan dhaabbata kanaa gatiin tallaallii tokkoo yoo bayyaate doolara 3 ta'a. Ta'us garuu yeroo hedduu dhukkubsattoonni talaallichaaf kan kaffalan miti. Dhaabbileen gargaarsaafi mootummoonni talaallicha dhiyeessu. Kanaaf eenyutu dursee argata? Dhaabbileen qoricha oomishan talaallicha yoo hojjatanis, murteen 'eenyutu talaallicha jalqaba argata?' jedhu garuu kan isaanii miti. Raabsaan jalqabaa muraasa waan ta'uuf, du'a hir'isuufi hojjattoota fayyaa kunuunsuun dursa fudhachuu mala. Karoorri Gavi, biyyootni dureeyyiis ta'e hiyyeeyyiin, waliigaltee Covax mallatteessan, talaallii %3 uummata isaaniif ga'aa ta'u akka argatan gochuudha, kun ammoo hojjattoota fayyaaf ga'aa kan ta'uudha. Yeroo talaalliin dabalataa omishamaa deemu, namoota ganna 60 oliifi kanneen dhibee kanaaf saaaxilamoo ta'aniif dursa kennuun, raabsaan gara %20 uummataatti ol guddata. Erga hundi %20 argatee booda, tallaalliin kun saaxilamummaa biyyaafi yaaddoo Covid-19 hatattamaa irratti hundaa'uun raabsama. Biyyootni sagantaa kanarratti hirmaachuuf hanga bara kana Fulbaana 18tti mallatteessuu qabu, kaffaltii duraa ammoo hanga Onkoloolessa 9tti raawwachuu qabu. Akkaataa raabsaa irratti ammayyuu waliigalteewwan adda addaa gaggeeffamaa jiru. Gavi'n hirmaattonni sooreyyiin talaallii %10-50 uummata isaaniif talaallii gaafachuu akka danda'an hima, ta'us garuu biyyootni saganticha keessa jiran hundi talaallii %20'f ta'u hanga argatanitti biyyi kamuu isaa ol argachuu hin danda'u. Talaallichi addunyaaf akkamiin raabsama? Harka caalaa milkaa'ina talaallii irratti hundaa'a. WHO, UNICEFfi Medicines Sans Frontiers ammumaan sagantaalee talaallii biyyoota adduunyaa irratti eegalaniiru. Sagantaan kun wiirtuulee, 'Cold Chain' jedhamaniin, yeroo talaalliin oomishamee gara gabaatti dhiyaatutti, kan konkolaattota firiijii qabaniifi firiijii humna ifa aduun hojjatu kan talaallii teempireechara sirrii keessa turan godhu qopheessuutti jiru. Ta'us garuu kanneen haala rakkisaa keessa jiraaniif talaallii haaraa dhiyeessuun rakkoo uumuu danda'a. Yeroo hedduu talaalliiwwan teempireechara 2C hang 8C giduutti firijii keessa tursamuu qabu. Kun biyyoota guddataniif rakkoo qabaachuu dhabus, biyyoota humna ibsaa isaanii yeroo hunda salphaa hin taaneef rakkoodha. Yeroo adduunyaan saayintistoonni ga'ee isaanii akka ba'aniif eegu kanatti qormaati hafan hedduun jiru. Koronaavaayirasii malli ittiin ittisan garuu talaalliin qofa miti, walirraa fagaachuun, qulqullina eeggachuufi kanneen biroon eegamuu qabu jedha WHO.
oduu-41230358
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41230358
Wiirtuu hiidhaa godaantotaa Liibiyaa: 'gaannama fakkaata’
Henesii Maanjiing, waan hamaa kan eegee galaana irratti ture.
Heneesi Maanjiing waggoota sadiif Landan jiraateera, ammas achitti deebi'uu barbaada Dargaggoon Sudaan Kibbaa umuriin isaa 18, Liibiyaa irraa gara Awurooppaatti ennaa qaxxaamu galaana irratti du'u akka danda'u beeka ta'a. Hanga ammaattis galaanni Meeditiraaniyaanii goodaantootaa fi koolu galtoota 2,400 ta'an nyaateera. Haa ta'u malee, Henesiin osoo qarqara galaanaa hin gahiin butamuun rukutame, ajjeefamuufis ture. Akka dargaggoon kun jedhutti, rakkinni maatiin isaa waan du'aniif sodaachuun bara 2016tti mana maatii isaatii bahe. Innis dhiiroota 1, 000 kan biraa waliin Taariq al-Sikaa, wiirtuu mana hiidhaa magaalaa Tiriippoolii keessa jiraata. Hedduun keenyas lamiilee Afrikaa hojii barbaadaniitu galaanaa irratti dhaabachiifame. Amma mana kuusaa bakka ifi hinjirree fi afuura baafachuuf itti cinqaman keessatti qabamaniiru. Aduu nama gubu keessa miilli isaanii wal xaxe haala gaarii keessa hin jiran. Yoo ho'ii dhufuu walumaan baqu. ''Yeroo dhumni imala isaanii asi ta'u hubatanis, baayyee qalbiin isaanii cabe,'' jedha qondaalli wiirtuu sanaa tokko. Muraasni isaanii waanuma argataniin of bashannansiisuu yaalu. Alkan yoo karri cufamuttis qaruuraatti fincaa'uu qabu. ''Kunis akkuma gaannamaati. Sirriiyyu mana hiidhaarra caala,'' jedha Henesin. Hidhamtoota kana mara sooruuf qarshiin gahaa hin jiru ''Ani waan rasaasaan rukutameen se'e'' Dargaggoo qaloon kunis loqooda warra Landaniin dubbata. Kunis turmaata maatii isaa waliin waggoota sadiif achu tureen kan argateedha. Hawiin achii deebii'uuf qabuus jalqaba Masirii, isaan booda ammoo daangaa Baha Libiyaa isa geesse. Akka inni jedhuttis, achitti ture gareen namoota hidhatanii kana kaan 40 waliin nama isaan geessu harkaa kan itti butan. ''Namoota qawweefi ulee qabatan agarree. Isaanis akka konkoolaataa keessa galuuf ni dirqisiisan,'' jedha. ''Namoonnis utaaluu jaqaban. Yeroo sanas jaarsi Chaadii dhufe tokko rasaasaan rukutame. Dhiigni isaa uffata koo gutuutti faca'e. Anis waanan rukutame waan natti fakkaate nan fiige.'' Innis nama naannoo sanaa kan gara warra butaniitti geesse irraa gargaarsa gaafate. ''Na kabaluun garaa keessa na dhiite, '' achinis ''maaliif baqatta?'' naan jedhe. ''Galata waaqaa guyyaa sadaffaairrattis namichi nu geessee dhufe gadi nudhiisise.'' Henesin akka gara Tiriippoolii deemuuf viisaan soobaa kennameef. Garuu, yoo achi gahutti milishootaan qabamee wiirtuu hiidhaa buufata xiyyaarratti dhihoo jirutti hidhame. ''Guyyaa guyyaan miidhaatu jira,'' jedha. '' Yoo namoonni sagalee dhageesisan, yookiin nyaataaf mudaman ni dhahamu. '' Waardiyyootaaf meeshaan waraanaa filatamaan ujummoo bishaaniti. Hiidhamtoonni isa waliin jiran kan biraa balaawwan Libiyaatti goodaantoota irra gahaa jiru tarreessu. - dadabarfamuu fi milishootaan gurguramu, akka garbaatti itti fayyadamu, fi wiirtuu hidhaatii bahuu waardiyootaaf maallaqa kennuuf dirqiisifamu fa'i. Biyya kana gadhiise manakootti deebi'uu nan barbaada Osmaan Abdal Salaam: Lammiin Sudaan kan ta'ee Osmaan Abdal Salaam godaannisa morma isaarraa agarsiisuuf marxoo morma isaarraa kaase. Kunis hojii hidhamtoota magaalaa Liibiyaa Baani Waliiditti keessaa ta'u dubbata. Isaanis hidhmtoota irraa maallaqa fudhachuuf akka firoota isaanii buiyyaatti bilbilaniif dirqisiisu. ''Yemmu bilbilluu ni boonya. Mataa keessa si dhahu. Namoonni aboomamu hinbarbaadnees jiru. isaanis qaama isaani gubu. Abbaan kiyya qote bulaadha. Innis waan maallaqa hinqabneefu mana keenya gurgure. '' Bilisummaan Osmaan karaatti hafes warra isaa dolaara 5, 000 baasise. Ammas gara Awurooppaa deemuu barbaaddaa jedhe yoon gaafadhu, ija isaa fooxoon hagugee bo'uu eegale. ''Bakka kanaa dhiisee gara biyya kootti deebi'uu qofan barbaada.'' Abjuu deebiifamuu Tiriqii al-Sikaatti yeroo ciree hiriiraan dheeraa garuu nyaataaf gabaabaa dha. Tokkoon tokko namaas daabboo xiqqoo, dhadhaa muraasa, fi juusii qallaa kubbayyaa tokko fudhata. Hidhamtoonnis qondaalli kanaaf itti gaafatamaa ta'ee gaafanuuf barbaadan. Isaanis dhiyeesitii isaaniif kanfaluuf hanqina maallaqaa waan qunnameefu gargaarsa irratti akka hundaa'an dubbatan. Isaan kanneen asitti qabamanis hidhamtoota, garuu waggaa meeqaaf akka itti murtaa'ee hin beekan. Osoo seeraatti hin dhiyaatiin yeroo dheeraaf turuu ni danda'u. Abdiin gadhiifamuuf qabanis gara biyya isaanitti deebiifamuun ergamuu dha. Erga dhalate reefu ji'a sadii kan ta'e Solaan yeroo hedduu isaa hidhaa kanatti dabarse Erga dhalate reefu ji'a sadi kan ta'e Solaan jireenya isaa gabaabdu mana hiidhaa keessatti dabarse. Nutis kutaa dubartootaa keessa firaashii moofaarra nagaan rafee agarre. Haatii isaa shamarree Waasilaa Alaasaanne, yeroo inni kan umurii torbaan afurii tureedha galaanaan gara Xaaliyaanitti ce'uuf kan yaaltee turt. ''Doonii keenya waan cabeef poolisoonni bishaan irratti nu qaban,'' jetti. ''Ergasi asi kunoo mana hidhaa shan keessa ture. Nyaata gahaa hin qabnu. Maatii keenyaaf bilbiluuf mirga hin qabnu. Haa duu'u haa jiraadhu quba hin qaban. Anii fi mucaan koo rakkachaa jira.'' Abbaan warraa Waasilaas bakka biraatti hidhame jira. Yoom akka walitti makaman ykn bilisa ta'an hinbeektu. Biyyi ishee Toogoon Liibyaatti ambaasaaddara hin qabdu. Kanaafuu, akkuma Awurooppaa galuuf abjootaa turte sana, akka deebiisanii gara biyyaatti erganiif abjoochu qofa dandeessi.e.
oduu-50167037
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50167037
Hiriirri mormii kaleessarraa itti fufee lubbuu namoota galaafate
Rakkoo Rogeessaa fi Daayireektara OMN Jawaar Mohaammad mudateen walqabatee hirirri mormii magaalaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti Kaleessa gaggeefame har'allee magaalota akka Dodolaa, Amboo, Dirree Dhawaa, Shaashamannee, Bishooftuu, Adaamaafi kaanittis itti fufeera.
Daandiiwwan konkolaataa fi sochiin hawaasummaa naannolee hedduu keessatti akkuma adda citetti jira. Ambootti hiriira har'aa kanarratti hiriirtotniifi qaamoleen nageenyaa walitti bu'anii haalli nagenyaa magaalitti daran yaaddessaa tu'u jiraataan magaalitti tokko BBC'tti himaniiru. Dhukaasa guddaan kan dhagaahamu ta'uufi namoonni miidhaman akka jiran nutti himaniiru. Hiriira kaleessaa eegaleen ''namoonni hanga ammaatti du'an afur gahaniiru'' nuun jedhe jiraatan magaala Amboo kun. Jiraataan biroon magaalichaa ammoo" Lubbuu namaa kaleessa magaala Ambootti darbeen alatti hiriira har'aa irratti namoonni shan rasaasan rukutamanii hospitaala seenaniiru" jedha. Namoonni kunneen kam rukutaman waajjira bulchiinsaatii hanga buufata konkolaataa daandii jirurratti ta'uus himan. Yeroo ammaas magaalichatti dhukaasni haalan jiraachuu fi ofiisaatii baqatee naannoo Awwaaroo akka jirus BBCtti himeera Bishooftu Magaalaa bishooftuutti hiriirii mormii kaleessa eegale har'as itti fufee jira jedhu jiraattonni. Jiraataan magaalaa Bishooftuu kan ta'e dargaggoo,Gammachiis Burqaa, kaleessa galgalarraa eegalee gareen faallaa sochii dargaggoota Oromoo qabatan walgurmeessuun jeequmsa uumaa turani jedha. "kaleessa ganama akkuma hiriirri eegalameen sochii qeerroo kana dhaabsisuuf gurmaa'anii fuuldura dhaabbatanii ture. Booda humni qeerroo baayyinaan caaluu gaafa baran gara mana amantaatti baqata. Dargaggoonnis mana amantaa sana hin seenne ittuma dhiisani" jedha. Sochiin akkasii galgalaa fi ganama kanas itti fufuu argeera jedha dargaggoon kuni. " Kaleessa namni hiriira irraa gara manaatti akkuma galuu eegalaniin warri Oromoo hin taanee fi kaayyoo faallaa qeerroo ta'e qabanimmoo walgurmeessaa turan. Naannoo 'sarkilii' jedhamuttis sagalee dhageesisaa turan dhaadannoo qeerroo fi Oromoo arrabsu jechuudha" jedha. Gareen faallaa qeerrootiin socho'an kunneen meeshaa waraanaa fi qara qabu qabatanii socho'us jedha. Ganama kana magaalaa bishooftuuttu dhukaasni daran heddumaachuus hima. Hogganaan Humna Addaa Oromiyaa komaander Baqqalaa Magarsaa haalli nageenya magaala Bishooftuu fooyya'iinsa kan agarsiise miti jedhu. " karaan kaleessas har'as cufaadha hamma wantoonni karaa qabatanitti jijjiiramni ammatti hin mul'atu." Jedhan. Miidhaa gahe kan ilaaleenis "kaleessa miidhaan guddaan gahee hin jiru. Har'a garuu haalichi kallattii biraa waan qabateef jiraachuu mala. poolisiin naannoo hamma danda'een tasgabbeessuuf hojjechaa jira" jedhan. Magaalaa Adaamaattis ganama bariirraa eegalee sagaleen dhukaasaa dhagahamaa jira. Dodolaa Walitti bu'iinsa Godina Baalee magaalaa Dodolaa keessatti har'a hiriira gaggeefame gidduutti uumameen namoonni afur du'anii gara Hospitaala Walii galaa Dodolaa dhufuusaanii Meedikaal Daarektarri Hospitaalichaa Doktar Tolaa Biyyu BBCtti himan. Hiriiri kun kaleessa gara ganamaa nagaa turullee sa'a booda garuu gara jeequmsaatti geeddarame jedhu jiraattonni magaalattii. Jiraataan magaalichaa BBC'n dubbise akka jedhutti walitti bu'iinsa uumammeen ''namoonni miidhamaniiru, manneen hedduun gubataniiru, suuqiiwwan saamamaniiru.'' Kaleessa namoonni lama rasaasaan rukutamanii gara Hospitaala Walii galaa Dodolaa dhufuun lubbuunsaanii akka darbee fi namoonni miidhaan guddaan irra ga'e sadi ammoo gara Hospitaalota Shaashamannee fi Hawaasaatti ergamuu dubbatan Doktar Tolaan. Har'a gara barii ammoo namoonni afur uleen rukutamanii hospitaala seenuun achitti lubbuunsaanii akka darbe ibsan. Jiraataan magaalaa Dodolaa kan biraan rakkoon kan mudate naannoo ganda 02 jedhamutti ta'uu eeranii manneen ja'a gubachuu, loon saamamuu fi meeshaaleen daldalaa gubachuu fi saamamuu ijaan arguu isaanii dubbataniiru. Namoonni akka du'anii fi hedduun akka miidhaman arguusaanii kan dubbatan jiraataan kun walitti bu'iinsi inni har'aammoo fuulaa fi fuulaan ta'eera jedhan. Haalli magaalattii keessa ture humna poolisii ol waan tureef raayyaan ittisa biyyaa seenee haala tasgabbeessaa jiraachuus dubbatan namni kun.
oduu-50555220
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50555220
Paartileen ADWUI walitti makamuu paartilee irratti walii galanii mirkaneessuu ibsaa jiru.
MM Abiy Ahimed paartii isaanii ADWUI jedhamuun waggoota 28'f biyya bulchaa ture walitti baqsuun paartii Badhaadhinaa [PP] jedhamu hundeessaa jiru.
Obbo Dajanee Tasammaa, siyaasa Itoophiyaa irratti barreessuufi xiinxaluun kan beekaman. Wal gahii ariifachiisaa har'a ODP fi ADP'n taa'aniin paartileen gurguddoon lamaan walitti makamuu paartilee raggaasisuu isaaniis fuula feesbuukii isaanii irratti barreessaniiru. ODP'n wal gahii isaa magaalaa Adaamaatti taa'een walitti baquu ykn makamuu paartilee kana mirkaneessuu ibseera. Haa tahu malee BBC'n ragaa guutuu qabaachuu baatus walitti makamuu kana ilaalchisee miidiyaalee biyya keessaa tokko tokkoo fi miidiyaalee hawaasaa irratti akka odeeffamutti miseensota koree gidduugaleessaa ODP gidduu waliigaltee guutuun akka hin jirre eera. MM Abiy Ahimed fuula Feesbuukii isaanii irratti akka ibsanitti ammoo paartileen lameen sagalee guutuun walitti makamuu ykn baquu paartilee ADWUI mirkaneessuu ibsan. Paartileen Naannoo Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumu fi Gambeellaa bulchaa jiranis walitti baquun paartilee fi dhalavchuun paartii Badhaadhinaa [PP] gaaffii keenya yeroo dheeraatu deebii argate jechuun makamuuf walii galuu isaanii ibsaniiru. Walitti baquun paartilee kun hayyoota siyaasaafi paartilee obbolaa kaan biratti ammoo mormii kaaseera. MM Abiy Ahimed paartileen 'Aggaar paartii' jedhamuun waamamaa turanis karaa guutuu taheen siyaasa biyyaa keessatti hirmaachuu waan qabaniif walitti baquun barbaachisaadha jechuun dubbataniiru. Manni maree AWDUI wal gahii taa'eenis walitti baquu paartilee kana raggaasiseera. Afaa Oromoo, Afaan Somaalee, Afaan Tigiriffaa fi Afaan Affaar afaan hojii paartichaa akka tahan murtaa'uus ibsameera. Waggoota 27 darban keessa ol aantummaan biyya bulchaa kan tureefi ol aantummaaan aangoo siyaasaa isa harka ture jedhamu TPLF garuu walitti baquu yaada jedhu akka hin fudhanne irra dedebiin ibsaa ture. Haa tahu malee ejjennoo xumuraa isaanii uummata waliin mari'achuun akka ibsan beeksisaniiru. Xiinxala: Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa keessatti ni milkaa'aa? ODP'n yaada walitti baquu jedhu fudhachuu isaa ibseera. Xiinxalaan siyaasaa Obbo Dajanee Tasammaa, bulchiinsi MM Abiy Ahimed jalatti ODP'n fedha isaatiin fudhatamummaa uummataa keessaa baheera jedhan. Paartii Badhaadhinaa jechuun kan dorgoman yoo tahe maqaadhuma 'Oromoo' jettu illee waan of irraa gataniif mo'achuuf itti ulfaata jedhan. Gama biraan ammoo TPLF gara baquu kanatti hin makamu yoo tahe hanga sirni federaalizimii jirutti naannoo isaa keessatti dorgomuun akkuma kanaan duraa naannoo isaa bulchuu danda'a jedhan. Dabalataanis paartilee ilaalcha wal fakkaataa qaban waliinis tokkummaa uumuu danda'u jedhan. Kun ammoo sagalee Paartiin Badhaadhinaa naannichatti argachuu malu jalaa xiqqeessuu danda'a jedhan. Paartilee walitti baqsuun paartii tokko qofa uumuun aangoo gara mootummaa giduugaleessaatti deebisuudha jedhanii namootni tokko tokko ni barreessu. Dhimma kana irratti Obbo Dajanee Tasammaa Heerri mootummaa kanaan dura ture aangoo guddaa kan kennu Ministira muummeefidha jedhanii erga paartiin haaraa hundaa'ee booda heerri mootummaa kan jijiiramu yoo tahe aangoo guddaa eenyuuf kenna kan jedhuun kan beekamu taha jedhan. Murtee manni maree ADWUI dabarseen afaan Orpomoo afaanota kaan waliin Afaan hojii paartichaa ni taha jedhamuun murtaa'e. Haa tahu malee afaan tokko ammoo naannoleef akka dabalamu ibsameera. Obbo Dajanee Tasammaa afaan biraa kan jedhamu Oromiyaa irratti afaan Amaaraa taha malee afaan biraa tahuu hin danda'u jedhanii kanaan dura ODP'n hojii isa kaaniin milkaa'aa tahuu baatus afaan Oromootti fayyadamuu fi ittiin hojjechuudhaan akka guddatu taasiseera jedhan. Murtoon kun garuu kana kan duubatti deebisudha jedhanii ''maagalota Oromiyaa garaagaraa keessa jibba afaan Oromoon afaanicha osoo hin baratiin warra turaniif carraa kennuun sagantaa siyaasaas tahe hojii kaan akka fedha isaaniin akka afaan Amaaraan gaggeessataniif carraa kenna malee Oromiyaaf addatti waan fayyadu hin qabu jedhan. Kana jechuun paartileen siyaasaa Oromiyaa keessa socho'uu barbaadan kaan afaan Amaaraa akka afaan hojii isaaniitti itti fayyadamuu danda'u jechuudha kan jedhan Obbo Dajaneen kun ammoo guddina afaan Oromoo duubatti kan deebisuufi sabboonummaa fi eenyummaa saba keenyaa irratti dhiibbaa kan qabaatudha jedhan. ''Jalqabuma iyyuu murteen kun eenyuuf barbaadamee darbe?'' Caasaan mootummaa hanga gandaatti jiru afaan Amaaraanis hojjechuu danda'a jechuudha jedhanii akkuma bara Dargii sagantaa siyaasaa ittiin gaggeeffachuu danda'u jedhan. Oromiyaa keessatti afaan lamaan hojjechuun maaliif barbaachise? kan jedhan Obbo Dajaneen naannolee kaan keessatti afaan lammaffaa dabaluun Afaan Amaaraa guddisuu malee saboota kaaniif waan dabalu hin qabu jedhan. Sabboonummaan saba tokkoo hafuu hin danda'u kan jedhan Obbo Dajaneen sabbaanummaan hafee gara ilaalcha walootti deebi'uun kan danda'amu yoo gaaffii sabbaaonummaan jabaateef sana deebiste qofadha jedhan. 'Aggaar Paartii'..... Paartiin Dimokiratawaa Uummattoota Benishaangul yaadni walitti baquu jedhu kun gaaffii nuyi waggoota dheeraaf gaafataa turredha jedhan. Obbo Adiigoo Amsaayee hogganaan paartii BENGU waggoota 27 darban nuyi bulchiinsa Itoophiyaa jedhamtu keessatti qooda fudhataa hin turre jedhan. Walitti baquun kun 'Aggaar' jedhanii paartii keenya ibsuun miidhaa xiinsammuu nurra ture nurraa kaasa jechuun BBCtti himan. ''Jalqaba tasumaa iyyuu wal gahii gallee sagalee kennuus tahe yaada kennuun nuuf hin eeyyamamu ture. Booda kana erga jijjiramni eegalee garuu namni lama galee wal gahii irratti ni hirmaata. Garuu yaada kennuu malee murtee dabarsuus tahe sagalee kennuu hin dandeenyu ture.'' jedhan. Waliiti baquun kun yoo hojii irra oole akka lammii tokkootti sagalee kennuu fi murtee darbu keessatti hirmaachuu dandeenya. Ruwaach Bayak [bitaa], Musxafee Umar [gidduu] fi Adigoo Amsayyaa Dabalataan bakka bu'insa madaalawaa tahe bulchiinsa federaalaa keessaas tahe koree biyya bulchu keessaa akka argannu nu taasisa waan taheef walitti baquu paartilee kana gammachuu guddaadhaan fudhanne jedhan. Enyummaa fi afaan irratti miidhaa qabaachuu danda'a jedhanii beektotni siyaasaa tokko tokko kan qeeqan ilaalchisee miidhaa qabu tokko iyyuu hin qabu, sabaa fi sab-lammootni naannoo keenya keessa waan jiraniif akkuma dura afaan Amaaraa fayyadamaa turretti itti fufa jedhan. Sabootni xixiqqaan garuu akka bakka bu'insa isaan madaalu argatan taasisa jijiIramni kun jechuun dubbatan Obbo Adiigoo. Paartii Tokkummaa Sosochii Dimokiratawaa Uummata Gaambeellaa Itti gaafatamaan damee siyaasaa paartii Sosochii Tokkummaa Uummattota Gambeellaa Obbo Ruwaach Bayak kanaan dura bu'uurri paartilee Aggaar jedhamanii horsiisee bulaa waan taheef Dimokiraasii Warraaqsaaf hin mijatu jedhamuun siyaasa biyyaa keessatti guutummaan hirmaataa hin turre jedhan. Waanuma paartileen biyya bulchan murteessan hojiirra oolchuu qofa ture gaheen keenya. Filannoo biraa waan hin qabneef ture waanuma murtaa'e fudhannee hojiirra oolchuun hojjechaa kan turre jedhan Obbo Ruwaach. Sababootni miseensa ADWUI tahuu hin dandeessan jechuun ibsaa turan bu'uura kan hin qabne ture kan jedhan Obbo Ruwaach ''nuun murtee biyyaa keessaa baasuufi qoollifachuuf qofa ture'' jedhan. ''Waliiti baquuf murteen darbe kun gaaffii nuyi waggaa dheeraaf gaafataa turrettu deebi'e.'' Itti gaafatamaan damee siyaasaa paartii Sosochii Tokkummaa Uummattota Gambeellaa Obbo Ruwaach Bayak. Jijjirama kana keessatti qoodinsa aangoo haqa qabeessa tahe arganna jennee amanna kan jedhan Obbo Ruwaach kanaan dura waggoota 28 keessatti sadarkaa ministeeraatti deetaa ministerotaa nama lama irraa kan hafe ministira tahee nama muudame tokko iyyuu hin qabnu ture jedhan. Akka biyyaattii hirmaannaa nuyi qabnu loltoota raayyaa ittisa biyyaan ture bal'inaan jedhanii Aggaar' jedhamnee turuun keenya garuu ilaalcha tokkummaa biyaalessaaf qabnu irratti dhiibbaa qaba ture jedhan. Koree hojii raawwachiistuu fi koree gidduu galeessaa ADWUI keessaa kanaan dura nama tokko iyyuu hin qabnu ture jedhanii amma walitti baquu kana keessatti garuu bakka buutotni keenya waan jiraniif waan nusodaachisu tokko iyyuu hin qabnu jedhan. Biyyi kun qoqoodamtee waan turteef paartilee walitti baqsuun hundinuu bakka bu'aa akka qabaatu waan gargaaruuf gaariidha jennee fudhanna jedhan. Yaad-rimeen walitti baqsuu ADWUI jedhu kun bara bulchiinsa MM duraanii Mallas Zeenaa akka tures kan himamu yoo tahu bara kana dhugoomuun paartii haaraan hundeeffamaa jira. Paartiin Badhaadhinaa guutummaatti hundeeffamuu isaa kan mirkaneessu yoo tahe waggoota 28 ADWUI maqaan jedhu dhabamuun bifa haaraan filannoo dhufu irratti kan hirmaatu taha jechuudha.
oduu-54177541
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54177541
Mirga Dubartootaa: ‘Uffatan uffadhuuf maaliifan adabamaa?’
Dubartootni Kaamboodiyaa seera wiixinee haala uffannaa isaanii to’atu mormaa jiru
Dubartootni Kaamboodiyaa seerri wiixinee kun yoo ragga’e haala uffannaa keenya to’achuun bilisummaa keenya daangeessuu mala jedhu. Shamarreen ganna 18 Moolikaa Taan mootummaan dubartoota huccuu qaama agarsiisu uffatan qarshiin adabuuf wixinuun gatii ishee yaaddesseef mormuun mallattoo deeggarsaa onlaayinii gubbaatti walitti qabuu jalqabde. Seerri wixinee dhiyaate kun dubartoonni wayyaa baayyee gabaabaafi qaama agarsiisu, dhiiroti mudhii ol qullaa akka hin deemne dhorka. Mootummaan seera wixinee kana kan dhiyeesse aadaafi kabaja hawaasaa eeguufi haa jedhuyyuu malee qeeqamuurraa hin oolle. Moolikaan haleellaa dubartoota irratti aggaamame dha jetti. ‘’Akka lammii Kaamboodiyaa tokkotti yeroon manaa bahu kan natti tolu uffadhee nagaan deebi’uun barbaada. Uffannaa uffadhuun of ibsuun barbaada mootummaan kana gochuurraa na daangeessuu hin qabu,’’ jetti. ‘’Karaan biraa aadaa ittiin eegan jira seera dubartoota katee gabaabaa uffachuu dhorkuun garuu isa tokko miti jetti,’’ Mallattoon deeggarsaa baatii darbe onlaayinii irratti eegalte,hanga yoonaa mallattoo 21,000 argateera. Dubartoonni kaan illee yaadashee qoodachuun miidiyaa hawaasummaarratti suuraa isaanii gaaffii.’’kanaaf adabamuu qabaa?’’ #qaamnikoofilannookoo jechuun maxxansan. ‘’Yeroo hunda dhiirotaaf akka bitamnu nurraa eegama,’’ jetti Mooliikaan. Yaadni kun duudhaa fi aadaa dubartoonni lasee tahuu qabu jedhurraa dhufe jetti. Waggoota dhiyoo keessatti mootummaan dubartoota wayyaa qaama agarsiisu uffatan dhaabsisaa,weellistoota uffannaa akka malee uffatan jedhes uggureera. Baatii Eblaa keessa dubartiin dhimma fiilmii saal-quunnamtii fi wayyaa qaama agarsiisuufi ‘saal-quunnamtiif kakaasu’ uffachuun himatamtee hidhaa baatii jahaan adabamteetti. Ministirri mummee biyyattii Huun Seen ‘dubartoonni aadaafi safuu cabsuun amalli akkasii immoo haleellaa saalaaf saaxila,’’ jechuun dubbataniitu ture. Ayliin Liim Ayliin shamarree ganna 18 yoo taatu duula seera wixinee kana dhaabsisuutti makamtee Kaamboodiyaa keessa aadaan nama miidhame komachuu jiraachuu dubbatti. ‘’Seerri kun yoo raggaasifame warreen qoccollaa saalaa raawwataniif balleessaa isaanii akka hin taaneefi bira darbamuu akka danda’u itti agarsiisa,’’ jetti. ‘’Maatiin yeroo na guddisan yeroon manatti galii, foon kee immoo namatti hin agarsiisiin jechaa dha,’’ jetti. Dhimmi uffannaa miidiyaa hawaasaa irratti xiyyeeffannaa haa argatuyyuu malee rogeeyyiin kunneen dhimma biro seerichi qabate illee isaan yaadessa. Seerri wiixinee kun warreen ‘sammuu isaan dhukkubu,’ daandii irra akka hin deemneefi kadhaa gosa kamiyyuu dhorka, gumii/kora gaggeessuuf iddoo uummataa argachuuf mootummaa eeyyamsiisuus hammata. Daariktarri Wiirtuu Mirgoota Namoomaa Kaamboodiyaatti Chaak Soofiiyaap seerichi yoo ragga’e qaama hawaasaa harka qalleeyyii tahan miisha jetti. Seerichi yoo ministeerota mootummaa fi gumii biyyaalessan ragga’e bara dhufurraa qabee hojiirra oola. Ook Kiimleek ministira dhimma biyya keessaa yoo tahan af-gaaffiif BBCn dhiyeesseef ‘’seerri kun wixinee jalqabaarra jira,’’ jechuun deebii kennuu didniiru. Chaak garuu yoo dhiibbaan hawaasaa yoo itti fufe malee seerichi shakkii tokko malee darbuu danda’a jedhu. ‘’Kaamboodiyaatti seeroti dhimmi ilaalatu otoo irratti hin mari’atiin jarjaraan adeemsa seeraa keessa darbee hojiirra oola,’’ jetti. Moliikaan ammallee duulli adeemsiftu hubannoo uumuun mootummaan jijjiiramaaf banaa akka tahu godha jettee amanti. ‘’Dhimmi kun hangam tokko akka nu yaaddesse agarsiisuun,’’ jetti.
oduu-49274359
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49274359
Magaalaa dhiirri keessatti dhalachuu dide
Magaalaa xiqqo Kibba Polaanditti waggoota dheeraan asitti dhiirri dhalachuu diduun yaaddoo uumeera.
Kanarraa ka'uudhaan kantiibaan magaalattii abbaa warraafi haadha warraa ilmoo dhiiraa argataniif badhaasa akka kennu beeksiseera. Magaalattiin erga dhiirri keessatti dhalatee waggaa kudhan guutaa jiraachuun bulchiinsa magaalattii yaachisuun isaa hin hafne. Magaalaan Miyeesiich Adirvaansikii jedhamtu kun kanaan dura hedduu hin beekamtu ture. Amma garuu dhiirri akka dhalatuuf jajjabeessuuf jecha tarkaanfiin isheen fudhachaa jirtu mata duree oduu ta'uun akka beekamtu taasiseera. Magaalaan manneen dhibba tokko ta'an qofa qabdu kun lafti qonnaa baayyee baballaa ta'an keessatti argamu. Magaalaan kun daa'imman guddisuudhaafillee bakkawwan mijatoo ta'an akka qabdu amanama. Haata'u malee, waggoota darban keessa wanti jiraattota naannoo sanaa yaaddesse daa'imman dhalatan dubartoota qofaa ta'uu isaaniiti. Magaalattii keessatti dhala argachuun baayyee sadarkaa gadi aanaarra kan jiru yommuu ta'u, ilmoon dhiiraa kan dhumaa erga dhalatee amma dargagoomaa jira. Dhimmi lakkoofsi dhiirotaa xiqqaachuu bal'inaan magaalattii keessatti kan xiyyeeffannoo argates, yeroo magaalattiin garee dorgomtoota dargagoota tol-ooltummaan balaa ibiddaa ittisuu keessatti qophaa'uuf miseensa dubartoota ta'e qofa ergan ture. Gareen magaalattii miseensa dubartootaa qofa qabu kun dorgommii sana erga mo'atanii booda erga gaazexeessaan gaaffii gaafatee xiyyeeffannoo guddaa argateera Akka The New York Times kantiibaa magaalattii waabeffachuun gabaasetti, saayintistoonni baayyeen maaliif ijoolleen durbaa qofti akka dhalatan qorannoo gaggeessuudhaaf fedhii agarsiisaniiru. Kantiibaan kun akka jedhanitti, doktoroonni guutummaa biyyattiirraa bilbiluudhaan akkamitti akka ilmoo dhiiraa ulfaa'uun danda'amu irratti odeeffannoo kennaniiru. Kantiibaan kun Dorktora soorama bahee giddu-gala Polaandii keessa jiraatu gaafadheen jedhan, saalli daa'imaa sirna soorata dubartii irratti hundaa'a naan jedhe jedhu. Sooranni kunis, dubartiin ilmoo dhiiraa argachuu barbaadde tokko soorata Kaalshiyeemiitiin badhaadhoo ta'an soorachuu qabdi. Jiraattonni maaliif akka ilmoon dhiiraa magaalaa isaanii keessatti dhalachuu dhabe hin beekan; garuu baayyeen isaanii waan akkuma carraa uumamedha jedhanii amanu. Sababiin isaa qorannoo kan barbaadu ta'us, kantiibaan magaalattii maatiifi dhiira itti aanee dhalatuuf badhaasa qopheessuun jajjabeessaa jiru. "Waa'ee keenya miidiyaaleen hedduu dubbachaa jiru. Ilmoo dhiiraa dhalatuuf maqaa isaatiin daandiin akka moggaafamuuf yaadaan jira. Badhaasa baayyee gaarii ta'es ni argata. Maqaa isaatiin odaa dhaabnees isaan moggaafna," jedhan.
oduu-44479938
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44479938
''Olaantummaan ABUT kaleessa ture, har'as inuma jira''
Miseensota paartii biyya bulchaa jiru afur keessaa tokko kan ta'e Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT), walgahii arifachiisaa Maqaleetti guyyoota sadiif gaggeefataa wayita xumuru ibsa baaseen, murteewwan waliin murteesse deebisee mormaa jiraachusaa beeksiseera.
Ibsa addichi dheengadda ifa taasise keessa rakkoo daangaa Itiyoo-Ertiraa ilaalchisuun murtee Aljersi fudhachuun hojiirra olchuuf ADWUI'n dabarfame akka fudhatu beeksisuun isa tokko. Haa ta'u malee, murtee kana ummatatti beeksisuun gutummaatti dogongora jechuun murtee koree jiddu gala ADWUI kan addichi mataansaa miseensa itti ta'ee jiruu balaaleeffateera. Kanaan walqabatees ibsi kunis ijoo dubbii ta'aa jira. Keessattuu tarkaanfiiwwan Dura Taa'aa ADWUI fi Ministira Mummee biyyatti Dr. Abiyyi gama aangoo muduutiifi fudhataa jiran kan morman ta'u beeksiseera. Itti dabaluunis, aangoo miseensoota addichaa duraanitiif beekamtiin akka kennamuuf koreen jiddugala adda bilisa baasaa ummata Tigraay kun murteessu illeen caqaseera. Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayi (ABUT), Adda Dimokiraaasawaa Ummata Oromoo, Waraaqsa Dimokiraasawaa Saba Amaaraa fi Waraaqsa Dimokraatawa Ummattoota Kibbaa waliin ta'uun osoo murtee dabarsaa fi biyya bulchaa jiru, amma ejjannoo faallaa mul'achuunsaa jidduu miseensootaatti rakkoon umammuu kan mul'isudha kan jedhanis hindhibne. Karaa gara biraatiin ammoo, 'murteen daangaa Itoophiyaafi Ertiraa ilaalchisuun dabarfame keessattu gaaffii ummattoonni biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf kaasaa turan deebiisuun, obbolummaa ummattoota biyyoota lamaan bakka tureetti kan deebiisuuf kan dhiyaateedha,'' jechuun ibsee ture. ABUT dhimmoota faallaa fedha ummata Tigraayi ta'an keessa harkasaa akka hingalfanne irra deebiin mirkanneessu barbaada'' jedhee ture. Xiinxaltoonni siyaasaa maal jedhu? Dura taa'aan dhaaba Koongireesii Federaalistii Oromoo (KFO) Dr. Mararaa Guddinaa haalli amma ABUT fi dhaabbilee ADWUI biroo keessa jiran dhuguma waldhabaniiti ykn uummata burjaajessuuf kan jedhu adda baasuuf nama rakkisa jedhu. ADWUI keessatti kana dura olaantummaan ABUT qabaachaa ture ammas jira jedhu Dr. Mararaan. ''Oltaantummaan ABUT kaleessa turee, hara'as hanga kaleessaa ta'u baatulleen ammayyuu olaantummaa qabu'' jedhu. Akka fakkeenyaattis ''Boorana, Gujii, Cinaaksan fi Baatitti waan ta'aa turee fi ta'aa jiru'' kaasuun iddoo baayyeetti rakkoon jiraachuu eeraniiru. Namni jijiiramee duwwaadhaaf siyaasni sun jijjiirameera, olaantummaan isaanii baheera ykn haqameera jechuuf yeroon hin geenye jedhaniiru. Ejjeennoon ABUT ammaa waggoota lamaan darban mormii DHDUO'n ADWUI keessatti taasisaa ture akkeessuu fakkaata jedhu hayyuun saayinsii siyaasaa obbo Moonenus Hundarraa. ''Rigatni dhaabbilee ADWUI afran keessa jiru ifaa ifatti kan saaxilame ta'uu agarsiisaa, keessumaa kan ABUT fi dhaabilee sadeen hafan gidduu jiru'' jedhu obbo Moonenuus. Fedhiin qeerroo fi fedhiin uummata baldhaa biyyattii faallaa ABUT ta'uunis ejjennoo isaanirraa hubachuun akka danda'an dubbatu. ''Ibsichi ABUT akka Tigraayitis, akka guutuu biyyaattis waan tuffataman waan itti fakkaateef xiyyeefannoo argachuuf kan bahedha'' jedhaniiru. Ministirri muummee haaraan falaasama gidduugalummaa Demookraatawaa (Democratic centralism) jedhamuu fi qaamota sirna isaanitti danqaa ta'an toftaa garaagaraan ofirraa faccisan waan cabsan fakkaatas jedhu obbo Moonenuus.
oduu-56600426
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56600426
Jarmanii fi Naamibiyaa: Gocha duguuggaa sanyiif gumaan kanfalamu sirriin hagami?
Waliigalteen addunyaarraa biyyoota kolonii jala turaniif fakkeenya ta'u, Jarmanii fi Naamibiyaa gidduutti taasifamaa jira. Kunis madaa gochi duguggaa sanyii humnoota koloniin raawwatame yaaluufi jedhameera.
Garuu hawaasa tokko guutuu balleessuuf gatii akkamii baasu? Naamibiyaatti kanneen miidhamaniifi warri koloneessitoota turan lamaanuu dhimma kanarratti walmormaa jiru. ''Qarqara galaanaa kana hunda, kaampii namoota itti uggurantu ture,'' jedha Laidlaw Peringanda. ''Dallaan shiboo bakka makiinaa dhaaban sanarra ture.'' Artistii fi rogeessa hawaasaa kan tahe namni kun kana kan jedhu bakka bashannanaa biyyattiin qabdu keessaa isa guddicha kan tahe Swakopmund, Naambiyaatti. ''Haati akkawoo kiyyaa akka natti himanitti, maatii keenya keessaa gariin garanatti fidamanii, dirqiin akka hojjetan taasifamuun asumatti du'an.'' Innis kan dubbachaa jiru waa'ee baroota 1904-1908ti. Bara sana Naamibiyaan kolonii Jarmanii 'South West Africa' jedhamu jala turte. Namoonni kumoota kudhanitti lakkaa'amanis wayita humnoonni kolonii gara jabinaan mormii dhaabsisanitti lubbuu dhabaniiru. Keessattu ummanni saboota biyyatti gurguddoon lama, Hereroo fi Naamaa baay'inaan ajjeefamuun gariin isaanii gara gamoojjiitti Omaaheekeetti kan baha biyyattiitti argamuutti geeffamuun beelaan ajjeefaman. Kanneen lubbuun kaampiiwwan keessatti hafan ammoo hojii garbummaatti fayyadamuun, kaan qorra, hanqina nyaataa, dadhabbiifi jeequmsaan du'an. Heereeroo 800,000 keessaa kan 65,000 ta'an kanneen jalqaba bulchiinsa koloniitti Jarman 'South West Africa' keessa jiraataa turan akka du'an tilmamama. Akkasumas Naamaa 20,000 ta'an keessaa 10,000 du'utuu tilmamama. Erga bara 2015 Jarman ifatti ajjeechaa duguuggaa sanyii raawwatamu amante as, mariin gumaa haqaa baasuu kan addunyaaf fakkeenyummaa kaa'u gaggeeffamaa jira. Isaan dura biyyi koloneeffataan kamiyyuu haala kanaan biyya koloniin qabatee ture waliin ta'uun, taatee darbeef waliigaltee beenyaa kanfaluu irratti kan hojjate tasumaa hin jiru. Waadaa galamee irratti ammalleen hojjatamaa kan jiru yoo ta'u, Jarman ifatti dhiifama nan gaafadha jettee jirti. Haa ta'u malee Naambiyaanotaaf gaaffii jabduun gumaan kun bifa maalitiin kan jedhuudha. Laayidlaaw Peringaandaa, akkuma Heereroo biraatti, waan marii kana irraa barbaadurratti shakkii qaba. Innis kanfaltii maallaqaa guddaa kan badhaadhina ummanni tikfattoota loonii ta'an kunneen duguggaa sanyiitiin dura qabaachaa ture jedhe, deebiisuuf gargaaru ta'u qabaata jedha. Lafti isaanii irra caalaanis qubattoota Jarmanii kan ta'an qonnaawwan dhunfaatiif hirameera. Kanaafu har'a Heereroo fi Naamaa baay'ee isaanii lafa hawaasaa xiqqoo kan booda kennameef irratti baayinaan walitti qabamu, ykn magaaloota keessa, akka qubattoota al-idileen manoota caccabaa keessa jiraataa jiru. Swaakopmund keessatti, rakkina hawaasaa cimaatu magaalota jidduu gala bara kolonii kan ammalleen ijollee akaakiileefi abaabilee koloneeffamtootaa bira jira. Manneen isaanii kan mukaa fi qorqoorroo cicciitaa irraa ijaaramuun Kaaba biyyatiitti argamu. "Isaanis mana fincaanii bishaan qabu, bishaan dhugaatii qulqulluu, ykn ibsaa hin qaban,'' jedha Laayidlaaw. ''Namoonni as jiraatan muraasni, ijoollee ijoollee warra kaampiicha keessa jiraataa turaniiti. Wanti ta'aa jiru dhugaa sirrii miti. ''Jarmaniin lafa warra keenyaa deebiifte nuuf bituu qabdi.'' Gaaffii akkasiitu irra deddebiin dhagahamaa jira. Abdiin jiru mootummaan Jarmanii sagantaa riiformii lafaa deeggaruun qonnaan bultoonni lafa qonnaan bultoota Jarmanii Naamibiyaa irraa bituun akka warra Heereeroo fi Naamaatiif hiramuudha. Lammiileen Jarmanii Naambiyaa garee guddicha qonnaan bultoota adii lafa qonnaa biyyatti %70 ta'u akka qabatan amanama. Muraasni isaanii lafa hanga iskuwer maayilii 400 aguugu qabataniiru. Kun hangam dhugooma? Gama Naamibiyaatiin kanneen maricha irratti hirmaatan keessaa Dr Zed Ngaavirue ''hawaasa keenya deebifnee akka ijaarruf nu gargaaruu Jarmaniin amante jirti,'' jedhan. Haaluma waliigaltee guddaatiin maallaqa muraasa kanfaluun kanneen fedhiin gurguran irraa lafa bituuf walii galan. Garuu ammoo jedhan, ''Dhimmi lafaa Jarmanii qofaan furama jedhee yaaduun of hinsobu. Lafa dhabiinsi sababii kolonii Jarmaniitiin qofaa kan mudate miti'' jedhan. Bara Waraana Addunyaa tokkooffaa keessa erga Jarmanii kolonii ishee dhabdeen booddee qubattoonni adiin hedduun biyyattii dhaqan. Afriikaan Kibba-Lixaa waggoota 70f Afriikaa Kibbaatiin bulfamti ture. Erga walabummaa bara 1990 as lafti Nambiyoota gurraachaafi lammiilee biyya alaatiin bitame. Motummaan Jarmanii jecha gocha hamtuu raawwatamee sirreessuu (reparations) jedhu fayyadamu didan. Haata'u malee pirojaktonni qabatamaan gara biraa mari'atamaa jiru jedhu Zeed Ngavirue. Kunis Fayyaa, barnoota, mana jireenyaa fi bishaan soogidda irraa qulleessuu akka hamatu himan. Marichi baay'ee bal'aa waan ta'eef maallaqaan ibsuuf ni hafa jedhan. Gama Jarmaniitiin ammoo, waa'ee mariin ta'aa jiru kana ilaalchisee ifatti homaa jechu hin barbaadne. Laayidlaaw akkuma warra Heereeroo fi Naamaa kaan baay'eetti, waggoota jahaaf bu'aa qabatamaa tokko maleen booda obsa dhabaa jira. Jarmaniin mootummaa Naamibiyaa qofaatti osoo hin taane kallatiin dureewwan ummata Heereeroo fi Naamaatti dubbachuu qabdi jedhu duree muummeen Heereeroo Vekuii Rukoron, kan beenyaadhaaf Jarmanii manneen murtii Ameerikaarratti himachuu yaalanii turan. Hanga ammaattis bu'aa hin arganne. Sodaan jiru faayidaan marii mootummaafi mootummaa jidduutti gaggeeffamu kamuu walakkaan, hawaasa tasumaa duguuggaa sanyii sanaan hin miidhamiin kan akka Ovaamboo garee saba biyyatti guddaa fa'i bira deema kan jedhu. Gorsaan Duree Rukooro, Festus Mundjuu'aa, ''motummaan pirojaktiiwwan maallaqa mataasaa hin qabne hedduu waan qabuuf, harkasaa maallaqa kan keessa kaawwachuu barbaada,'' jedhan. Motummaan garuu himannaa kana haaluun fandiin kanaaf taasifamu kamuu hawaasa miidhameen hogganama jedha. Waa'ee marii kanaarratti shakkii kan qaban ammoo dhalattoota miidhamtootaa qofaas miti. Dubbii himtoonni hambaa dhalattoota koloneeffattootaa Jarmanis akkasuma shakkii qabu. ''Seenaan duguggaa sanyii kun haamilee buusuun ala omaa miti,'' jedha namni seenaa Dr Indiriyaas Voogti. Akkuma lammii Jarmanii Naamibiyaa baay'ee, 'ajajni balleessuu' ajajaa humnootii koloni, Janaraa Lothaar Von Trothaan bara 1904tti mallattaa'e akkas jedha. ''Hereeroon fuldura Jarmaniitti qawwee malee ykn qawwee ykn loon waliin argame kamiyyuu ni ajjeefama,'' kan jedhu sun imaammata mootummaa waan hin turreef, hojiirra hin olfamne jedhu. Bara darbe lammiin Jarman-Naambiyaa kan walabummaan booda ministeera mootummaa ta'un tajaajilan Antoon Voon Wietersheim, Naamibiyaanonni Jarmanii dubbatan akka waan darbee kanarratti ofiisaaniifi bakka bu'oota saboota Heereeroo fi Naamaa jidduutti mariin gaggeeffataniif jajjabeessaa turan. Haata'u malee sababii Covid-19n konfaransiin Jarmanii- Naamibiyaanota jidduutti gaggeeffamuuf ture tursiifameera. Voon Wietersheim yoo Jarman- Naamibiyaanoonni maricha deeggaran, Jarmaniin waliigalteerra akka geessuuf akka gargaaru amana. Naambiyaanoonni mariin kunis filannoo Jarmanii kan Fulbaanaa dura akka xumuramu barbaadu. Hidhamtoota Heereroo cancala waliin bara 1904 keessa Rogeessiifi ogeessi akkaadaamii Jarman-Naambiyaa Hennig Melber, seenaa dubbichaa qorates, aanga'oonni kolonii duraanii Awurooppaa keessaa waliigaltee Jarmanii kanarratti yaaddoo dhuunfaasaanii akka ibsan amana. Waliigaltee Naambiyaa keessaa kunis koloneffattoota biraa kaan irratti akka biyyoonni Afrikaa, Eshiyaa Bahaa, Eshiyaafi kan biraas dhiyyeeffatan balaa qabaataniif jedha. Lammiin Taanzaaniyaa, kan kolonii Jarmanii duraanii keessa darbanii, Taangaanikaa ajjeechaa raawwatameef gumaaf gaaffii dhiyeesseera. Haata'u malee Melber, ''Jarmaniin amma maallaqa kennuu dandeessu irratti ejjannoo geeddaramu qabaachuu qabdi jedheen yaada. Yoo wabii qabaate boqonnaan isaa hanga dhumaatti cufamuu danda'a. Dhimmichi hiikaa fakkeenyummaa addunyaa bal'aa akka hinqabaannee ni dhorkas.'' Dippilomaatiin sorama bahan Zed Ngavirue gama isaanitiin, maal argamuu akka danda'amu irratti waadaa maal argamu akka danda'u didan. ''Siyaasni aartii waan ittiin argamuuf danda'amuudha,'' jedhan seeqaa. Haata'u malee ala mandara namoonni jireenya gadaanaa jiratan Swakopmud, bakka har'alleen ijoolleen gosa Heereeroo warra maatiin isaanii akaakkayyuuwwan isaanii akka garbaatti fayyadamaniif kanfaltii gadaanaan hojjataa jiranitti, hubannoo walfakkaataan hinjiru. ''Dargaggoonni muraasni lafa humnaan deebifachuu barbaadu,'' jedha Laayidlaaw Peringanda. Kanaafuu mootummaan Jarmanii nu waliin qofaa taphachuu hinqabaatu,'' jedhan.
oduu-55082509
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55082509
Lola Tigraay Itoophiyaa: Baatii tokko dura Maayikaadiraatti wanti ta'e maali?
Magaalaa Kaaba-Dhiha Itoophiyaa Maayikaadiraatti ajjeechaan jumlaa lubbuu namoota 600 olii galaafate kan raawwate ji'a tokko har'aa ture. Gartuuleen mirgoota namoomaa namoonni haleellaa irra gaheen ajjeefaman 600 ol ta'uu akka malu ibsaa turan.
Maayikaadiraatti siree reeffa namootaa deddeebisuuf itti fayyadamaa turanii fi iddoo awwaalchaatti gatame Ajjeechaan kun raawwatee hanga ji'a guutuutti BBCn jiraattota magaalattii qunnamee waan mudate hubachuu hin dandeenye. Amma malooti qunnamti akka telefoonaa fi intarneetii gariin deebi'ee jennaan jiraattota dubbisuu dandeenyeerra. Haleellaan lubbuu namoota dhibbaan lakkaa'amanii galaafate kun kan eegale A.L.I Onkoloolessa 30 waaree booda sa'aatii 9 irratti yoo ta'u hanga ganama guyyaa itti aanuutti itti fufe. *** Tirfaay Girmaay dhalattuu Tigraay yoo taatu nama sabaan Amaara ta'etti heerumtee waggoota 12f Maayikaadiraa keessa jiraatte. Ilmoo tokko waliin qabu. Abbaan warraa isii kan hojii qonnaa hojjetu harmee isii dabalatee maatii kan jiraachisu isa. Waggaa 12 achi jiraatte keessatti taatee akka gaafasii takkaahuu argitee akka hin beekne dubbatti. Abbaan warraa isii fi maatii isii jiraachisaa ture gara jabinaan mana isaa fuula duratti ajjeefame. "Abbaan warraa koo nama tokko hin ajjeesne, waanuma Amaara ta'eef na duraa ajjeesan jedheen yaada" jetti. Ofiin rakkoo fayyaa akka qabdu ka himtu Tirfaay, duuti abbaa warraa isii jireenya isii akka gogoleesse himti. Haadhaa fi daa'ima isii jiraachisuuf maal gootu wallaaluu isii dubbatti. *** Jiraattuun Maayikaadiraa biroo haleellaadhuma wal-fakkaataan abbaa warraa isii dhabuu himti. "Jalqaba akka balbala keenya cufannu nutti himamee ture, ta'us dhufanii nu bansiisanii warraa dhiiraa baasanii ajjeesan" jechuun gaddaan dubbatti. "Waaree booda sa'aatii 11 irratti dargaggoonni gareen dhufanii abbaa warraa koo fi obboleessa isaa ajjeesan" jetti Yashiin. "Ana osoo hin taane abbaa warraa koo akka barbaadan natti himan. Wayita isaan abbaa warraa koo ajjeessan anis ijoolleen koos ilaalaa turre," jetti. "Yeroos boo'aan ture, akka malee rifadhee waanan tureef nan boo'e. Gariin isaanii anas "ajjeesi" waliin jechaa turan, kaan lubbuu na oolchan," jetti. Dargaggoonni kunneen qabeenya mana keessa ture tokko tokko fudhachuullee himti. Yashiin abbaa warraa ishee Ayyenew Mulaatuu waliin ganna 10 oliif waliin jiraatan. Ijoollee lamas horataniiru. "Ishiin xiqqoon naaf gamsiifte, halkan qixxee kaatee 'meerre abbaan koo?' naan jetti" jetti Yashiin. "Erga abbaa warraa koo ajjeesaniin duuba, waa'ee jireenya kooti yaaduuf humnan dhabe. Gadda hamaan qalbiin na cabde. Waan raawwate jechaan ibsuun rakkisaadha." *** Xilaahun Attaalaay Maayikaadiraa keessaa ollaa Gimb Sefer jedhamu jiraata. "Gaafas mishingaa calleessuuf qophii gochaa osoo jirruu, guyyaa keessa naannoo sa'aatii 7 namoonni gareen gara mana keenyaa dhufanii waraqaa eenyummaa keenya nu gaafatani" jedha. "Saba keenya mirkaneeffachuuf jedhaniiti natti fakkaata" jedha Xilaahun. "Sa'aatii 8 irratti dargaggoonni magaalattii keessatti hiriira bahanii, achi booda sanumaan gara haleellaatti cehan." Mana manarra deemuu gaafa eegalan, "Dubartootaa fi daa'imman akka hin miine dhageenye. Kanaaf anii fi obboleessi koo baaxii keessa dhokanne. Nu barbaadanii nu dhabnaan deeman," jedha. Maayikaadiraan magaalaa xiqqoo dhiyeenya magaalaa Humaraatti argamtudha, qonna babal'aan beekamti Galgala sa'aatii 1 fi yeroo sadaffaaf 1:30 irratti deebi'anii mana isaa sakatta'uuf yoo dhufan daran rifachuu hima Xilaahun. "Yeroo kanatti haadha warraa obboleessa kooti gadi baasanii albee itti baafatan. 'Abbaan warraa kee eessa akka jiru nutti hin himtu taanaan, daa'ima kee ajjeefna' jedhaniin. Daa'ima fuudhuuf yoo jedhan dura gortee "dura ana ajjeessaa" jetteen." Yeroo kana Xilaahun baaxii manaa keessa dhkatee obboleessa isaa waliin dhageeffataa ture. Obboleessi isaa daa'imaa isaa ajjeesuuf jennaan miira isaa to'achuu dadhabee iddoo dhokatee bahee dhaqe. Hanga lubbuun isaa baatutti reebanii ajjeessan, haati warraa isaas miidhamteetti jedha Xilaahun. "Gareen Samrii jedhamu mana manarraa naanna'aa ture dargaggootaa 150 ol turan. Milishaan hidhatee fi poolisiinis waliin turan," jedha. Ajjeechaa qofa osoo hin taane qabeenya saamuunis akka ture hima Xilaahun. Ajjeefamuu isaan guyyaa muuraasa dura obboleessi isaa Saliixa gurguratee qarshii 90,000 manaa qaba ture. Dargaggoonni wayita haleellaa sana raawwatan maallaqa sanas fudhataniiru jedha.*** Adde Hadaas achuma jiraattu ollaa Gimb sefer jedhamuuti. Abbaa warraa isii Birhaanuu waliin ganna 17 waliin jiraatan, ijoollee sadii qabu. Abbaan warraa isii namoota 600 ol haleellaa kanaan ajjeefaman keessaa tokko. "Guyyaa sa'aatii 6 irratti dhufanii SIM kaardii fi waraqaa eenyummaa isaanii adda baafatan. Ajjeechaan kan raawwate sa'aatii 9 irratti," jetti Hadaas. Namoonni warra ajjeechaa kana raawwatanitti mana namaa itti agarsiisan waliin turan jetti. "Abbaan warraa koo milishaa ture, hidhannoo irraa hiikanii ajjeesan" jetti. Maatii isii keessaa namni miidhaannirra gahe biraan magaalaa Gondar keessatti yaala argachaa akka jiru himte. "Guyyaa itti aanu nus nu ajjeesuuf turan garuu humni waraanaa gahee lubbuu nu baraare. Warri ajjeefaman guyyaa lama booda Sadaasa 2 awwaalaman," jetti. *** Gabramasqal Mangistuu jiraataa Maayikaadiraa yoo ta'u invastimantii qonnaa irratti bobba'ee hojjeta. Yeroo haleellaan kun raawwatu achi akka turee fi waan ta'e jalqabaa hanga xumuraa arguu hima. Ajjeechaa kana dura dargaggoonni 40 hanga 50 ta'an bakka tokkotti walitti qabamuu hima Gabramasqal. Yeroos jiraattonni magaalatti maaltu akka ta'aa jiru quba hin qaban, booda wayita dargaggoonni kun nama ajjeesuu eegalan, jiraattonni maltu akka ta'aa jiru ilaaluuf gadi bahanii achumaan ajjeefaman jiru jedha. Akka Gabramasqal jedhutti kanneen ajjeechaa kana raawwatan jalqaba hojjettoota hojii humnaa irratti xiyyeeffatan. "Dura hojjettoota hojii humnaa haleelan, kunis booda wayita mana manarra deemanii ajjeesuu eegalan, hojjettoonni kun akka hin dirmanneefi" jedha. "Hojjettoonni kunneen bakka tokko waan jiraataniif haleellaa kana booda reeffa 20 gahu mana tokko keessaa argameera," jedha. Itti dabaluunis hanga yeroo dhiyootti reeffa awwaalaa akka turan hima. "Durumas akkana hammaataa hin turre malee magaalattii keessa darbee darbee rakkoon ture," jedha Gabramasqal. "Kuni garuu balaa hamaa hin eegamnedha" jedha. Haleellaan kun miira magaalattii jijjiireera jedha Gabramasqal. "Namoonni hedduun gara jabinaan ajjeefamuu dagachuun rakkisaa ta'a" jedhe. *** Wal-dhibdeen yeroo dheeraaf mootummaa federaalaa fi TPLF jidduu ture Onkoloolessa 24 A.L.I haleellaa mooraa waraanaa ajaja Kaabaa irratti raawwatame hordofee gara waraanaatti cehe. MM Abiy raayyaan ittisaa tarkaanfii waraanaa akka fudhatu ajajanii torbee tokko booda ajjeechaan Maayikaadiraa kan uumame. Ajjeechaan kun uumamee guyyaa lama booda suuraa fi viidiyoowwan marsaalee hawaasaa irratti mul'achuu kan eegalan. Dhaabbanni mirgoota namoomaaf falmu jiraattota magaalattii dubbisuun gabaasa baaseen ajjeechaan kun xiyyeeffannoo argachuu eegale. Booda Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa baaseen namoonni ajjeefaman 600 akka ta'an hime. Haleellaan kun saba adda baasuun kan raawwate ta'uus akeeke. Akka Komiishinichi jedhutti ajjeechaa kana kan raawwate garee dargaggootaa Saamrii jedhamu yoo ta'u milishaa fi poolisii Tigraay raayyaa ittisaa jalaa dheessaa jiruun deeggarameeti. Haa ta'u malee dhalattoonni Tigraay gara Sudaan baqatani fi haleellaa kanaan miidhamuu himan, garee Faannoo jedhamuu fi milishaa naannoo Amaraan haleelamuu himatu. Mootummaan federaalaa Itoophiyaa ajjeechaa Maayikaadiraa kanaaf TPLF yakke. Hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el garuu ajjeechaa kana raawwachuu haalanii, qaamni walaba ta'e akka qoratu gaafatan. KOmiishinarri mirgoota namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Misheel Baachileet ajjeechaan kun akka qoratamu gaafatanii, "ajjeechaan kun kan mirkanaa'u yoo ta'e, yakka waraanaa ta'uu mala" jedhan.
oduu-44222894
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44222894
Maatiin Ameerikaa ilmasaanii kan dargaggeessaa waggaa 30 himachaa jiru
Ilmi dhiiraa waggaa meeqaan booda maatii biraa bahuun masa mataasaa dhaabachu qaba jettu?
Maayikil Rotondo wayita guyyaa Facaasaa mana murtiitti dhiyaateetti Niyoorkiitti garuu dargaggeessi umurii waggaa 30 tokko maatii biraa bahuuf didnaan mana murtiitti himannaan maatiidhuma isaatiin irratti banamu dhagahame. Yaaliin abbaafi haatii gurbichaa akka ofi danda'uun jireenya mataasaa ogganatuuf taasisaa turan bu'aa hinfinne. Filannoon dhumaas mana murtiitti himannaa irratti banuu waan tureef, garaa jabaachuun kana raawwataniiru. Ilmi isaanii umurii waggaa 30 gutuulleen ammas maatiidhuma waliin jiraachuu filata. Akka galmeen mana murtichaa agarsiisuutti, ilmi waggaa 30 kun kiraa manaa hinkanfalu. Kana malees hojii mana keessaa salphaalleen hingargaaru. Maatiinsaa akka ofii danda'uuf jecha deeggarsa maallaqaa taasisaniifis tole hinjenne. Haatiisaa Aaddee Kiristiifi abbaan isaa Obbo Maark Rotondoo akka jedhanitti, ilmi isaanii mana isaanii dhiisuun akka ofi danda'uus jecha yeroo garaa garaa shan xalayaa akkeekkachiisaa kennaniifiiru. Maayik garuu mana akkan gadhi dhiisuuf yeroo gahaan naaf hinkennamne jedha. Maatiin ilmasaanii mana murtii bulchinsa Onondanatti himatan kunneenis erga ilmisaanii akka of danda'uuf yaalii hunda taasisaniin booda dadhabnaan gara mana murtiitti qajeelusaanii dubbatama. ''Nuti abbaafi haatiisaas akka ilmi keenya mana keenya atatamaan gadhiisee bahu murtesineera,'' jedha xalayaan jalqabaa baatii Guraandhalaa barraa'ee. Erga ilmisaanii xalayaa kana tufachuun dhiiseen boodas, maatiin xalayaan gara biraa karaa abukaatoon akka isa dhaqabu taasisaniiru. ''Ilma keenya! Kanaan booda mana kanaa harii'atamtee jirta,'' jedha xalayaan Guraandhala 13 mallattoo haadha isaatiin bahe kan biraa. Kan raawwachu yoo baatees seeraan akka gaafatamu illeen itti dabalamee ture. Mana jireenyaa maatii Maayikil Rotondoo Maatiinis anatti aansuun akka ilmiisaanii ofi danda'uu jecha doolaara 1,100 kan kennaniif yoo ta'u, ilmi garuu maallaqicha fudhachuuf illeen fedhii hinagarsiifne. Isaan boodas maatiin baatii Eblaa keess gara mana murtii deemuun dhimmicha kan beeksiisan yoo ta'u, itti gaafatamtoonni mana galmee mana murtichaa Maayiki ilamasaanii waan ta'eef dhimmicha raawwachisuuf xalayaa mana murtii olaanaa irraa akka isaan barbaachisu itti himaniiru. Ilamiisaan garuu himannaa kana ''miira haaloo kan qabuudha,'' jechuun tufateer, akka oduun WABC gabaaseetti. Maatiin dhimmicha gara mana murtii olaanaatti geessuuf beelama qabataniiru. Wayita manni murtii olaanaa dhimmicha ilaaluttis, ilmisaani Maayiki waggaa 31 guutuuf jira.
oduu-43793588
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43793588
''Jijjiiramaaf fedhiin jiraachuu mullisa, fedhiin qofti garuu gahaa miti'
Hasawaa hanga ammaatti Minisitirri Muummichaa Dr. Abiy Ahimed taasisan fedhiin jijjiiramaa jiraachuu mullisu. Fedhiin jiraachuun garuu gahaa miti. Keessumaa haasawa Finfinnee galma Barkumeetti taasifame kan 'Konfiraansii Waadaa Jaalalaafi Tokkummaa' jedhamerratti taasisaniin, biyyattiin rakkoo hamaa keessa jirtu keessaa ba'uudhaaf kallattii addaa akka barbaachisu dubbataniiru.
Hasawaa Ministirri Muummichaa Dr. Abiy Ahimed taasisan akkamitti ilaaltan jechuun BBC'n Yunvarsiitii Keel kan magaalaa Landanitti argamutti barsiisaa seeraa kan ta'an Dr. Awol Qaasim Aloo gaafateera. Dr. Awolis haasawaa Ministirri Muummicha naannoo Somaalee Itoophiyaatti, Ambootti, Maqaleetti, akkasumas Dilbata darbe Finfinnee galma Barkumeetti taasisan yeroo hubannu fedhiin jijjiiramaaf akka jirudha. Kutannoonis hanga tokko akka jiru waan mullisudha. Haasawaan hanga ammaa uummataaf mirkaneessuuf, akkasumas waadaan seenamaa jira jedhu Dr. Awol. Fedhiin akka jirus mullisa. Haata'u malee, fedhiin qofaasaatiin ga'aa miti akka barsiisaan seeraa kun jedhanitti. Ministirri Muummee heera biyya sanaa keessatti haangoo guddaa qaba Ministirri Muummichaa kun haasawaa taasisan turan keessatti jijjiiramoota bu'uuraa gama seerota adda addaa kan akka haqaa, qaamolee nageenyaa, humna waraanaarratti fiduun qaba jechuun onnachuun dubbachaa turan. Garuu haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtuun garuu carraa maal qabu gaaffii jedhuus akkasitti deebisu Dr. Awol. "Mootummaan keessattuu Ministirri Muummee heera biyya sanaa keessati haangoo guddaa qaba. Dura ta'aa waraanaas kan dhimmi nageenyaa sababii kamiiniyyu hojiirraa hari'uu ni danda'a. Akka haangootti hojiirraa hari'uuf sababiiyyu hin barbaachisu. Kunis haangoo heerri kennuuf waan qabuuf. Garuu haala qabatamaan paartiin ittiin hojjetu xiqqoo walxaxaa ta'uu danda'a, garuu paarticha keessattis deggersa jabaa waan qabuuf jijjiiramni dhufuu qaba jedhamee akka paartiitti itti amanamee jira, akkasumas yeroo dheeraaf irratti mariyatanii kan irratti waliif galanis waan ta'eef tarkaanfii kana fudhachuuf hiree guddaa qaba natti fakkaata," jedhan Dr. Awol. Akka ogeessa kanaatti gaaffiin guddaan hiree kanatti qaroominaan hangam itti fayyadama kan jedhudha. Jijjiirama inni fiduu danda'u maalidha? Jijjiiramumti inni fiduu danda'u kun ammoo maalumadha laata? Hanga'ootuma kana wal jijjiiruumoo hojmaata sirreessuun itti hin cimuu laata, seerri nuti baasnu kan uummanni ittiin shorokkaa'u ta'uu hin qabu jechuun dubbachaa turan Ministirri Muummichaa kun. Kun akkam ta'a, garamittis deema gaaffii jedhuuf Dr. Awol, seera jijjiiruun ni danda'ama jechuun BBC'tti himan. Fakkeenyaaf jedhu Dr. Awol, seera farra shorokkeessummaa jedhamuun beekamu, seera dhaabbileen gargaarsaa, akkasumas seera miidiyaa kan gaazexeessitootarratti ba'an keessaa gariin isaa kan guutummaan guutuutti haqaman ni jira; gariin ammoo kan fooyya'uu qaban ni jiru. Kanarratti mootummaan hojjechuu ni dand'a, waanti dhorku tokkoyyu hin jiru, jedhan. Abbaan alangaallee walaba ta'uu qaba. "Kanaaf, sadarkaa dhaabbileetti waantonni taasifamuu qaban ifa ta'an waanota baayyeetu jiru jechuudha," jedhan. Dhimmoota jijjiiramni keessatti barbaachisu jechuun Ministirri Muummichaa kaasan keessaa sirna haqaa bilisaafi loogii ala taasisuu, rakkoo sharafa alaa maqsuufi filannoo dorgommiin sirriifi amanama ta'e gaggeessuu kanneen jedhan keessatti argamu. Sirna haqaa foyyeessuuf waantota sadii sirreessuun akka barbaachisu ogeessi seeraa Dr. Yaared Laggasaan ni dubbatu. Akka ogeessa kanaatti, kan jalqaba ta'uu qabu lakkoofsa ogeessota seera fedhii bal'aa jiru waliin walqixxeessuudha. Kan lammaffaa ammoo, malaamaltummaa sirna haqaa keessatti mullatu maqsuudha, akka Dr. Yaareditti. Kana gochuufis, namoota yakka malaamaltummaa raawwatanirratti addabbii barsiisaa ta'e fudhachuudha jedhu. Kana malees, walabummaan dhaabbilee haqaa akka mirkanaa'uuf hojjechuun murteessaa ta'uu dubbatu. Filannoon haqa qabeessa ta'e biyyattii kana keessatti akka jiraatu Filannoon haqa qabeessa ta'e biyyattii kana keessatti akka jiraatu nan hojjedhaa jedhan Ministirri Muumichaa kun. Filannoodhaaf yeroo gabaabaa qaba, kunis naannoo waggaa lamaati gaaffii jedhuuf ammoo, Dr. Awol waggaan lama yeroo guddaadha jedhu. Gaaffiin guddaan dirree siyaasaa banuun boordii filannoo ijaaruu, namoota bilisa ta'aniifi kan dhaabbileen siyaasaa amantaa irraa qabaniin oganamuus qaba, jedhu. Jijjiirama humna waraanaafi nageenyaa keessatti Ajajaan Humna Waraanaa qilleensaa Itoophiyaa duraanii Jeneraal Ababaa T/Hayimaanot gama isaaniitiin akka jedhanitti, humna ittisaafi nageenyaa keessatti jijjiirama fiduun barbaachisaadha. Jeneraal Ababaa''Raayyaan ittisa biyyaa seeraafi heera biyyattiif bitamaa ta'uun osoo irra jiruu garuu 'da'oo Dimokiraasii Warraaksaa ta'eera'. Kun ammoo heeraa mootummichaafi lammilee Itoophiyaaf dhaabbachuun hafee da'oo dhaaba tokkoo qofa ta'eera" jedhu. Jeneraal Ababaan dabalataan, " Akkan haasawaa Ministira Muummichaarraa dhaga'etti dhaabbileen humna ittisaafi nageenya biyyaa seeraafi sirna heera mootummaarratti qofa hundaa'uun hojjetu jedhan. Kun yaada deggeramudha'' jedhan. Ministirri Muummichaa haasawaa hirmaattonni kuma 25 ta'an irratti dhimma rakkoo sharafa alaa biyyattii mudachaa jiru kaasanii, rakkoo dinagdee biyyaarratti qaqqabsiisaa jiru hambisuufis tarkaanfiiwwan akka fudhataman dubbataniiru. Rakkoo sharafa alaaf maaltu fala? Ogeessi Dinagdeefi gorsaan invastimantii Obbo Getaachoo T/Maariyaam, rakkoo sharafa allaa furuudhaaf karaa kanaan dura yaalameen taanaan waanti haarawaan ni uumama jedhanii akka hin amanne dubbatu. Akka Obbo Getaachootti, dinagdeen biyyattii akka si'ataa ta'uuf, akkasumas rakkoo sharafa alaa maqsuudhaaf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban keessaa qulqullina omisha alatti ergaman foyyeessuufi gabaa biraa barbaaduurratti xiyyeeffannaan hojjetamuudha. Gaaffiin guddaan eegamu qabatamaan hojiitti jijjiiruudha Haasawaa Ministirri Muummichaa hanga ammaatti taasisan dhimmoota hedduu barbaachisoo ta'aniifi uummata sadarkaafi bakka gara garaa jiru mara ilaallatu ta'ee qalbii namootaa seeneera. Haasawaan isaanii kun kan uummanni bal'aa waggoota dheeraaf mootummaa gaafataa turan of keessatti akka qabatu ogeessonni BBC'n haasofsiise ni dubbatu. Gaaffiin guddaan caalmaatti eegamu qabatamaan hojiitti jijjiiruu akka ta'edha.
oduu-48183804
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48183804
Getaachoo Asaffaafi hojjettoonni tikaa 26 himataman
Itti-gaafatamaan Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa duraanii Obbo Geetaachoo Asaffaa dabalatee, hojjettootaa fi itti gaafatamtoota dhaabbattichaa biroo 26 irratti himata banuusaa Abbaan Alangaa Federaalaa beeksise.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa sarbama mirga namoomaa olaanaan qorannoo yakkaa gaggeessaa turuusaa ibsa ganama kana baaseen beeksiseera. Qorannoon kunis qorattoota yakkaa Poolisii Fedeeraalaa, itti-gaafatamtoota manneen hidhaa, akkasumas hojjettoota Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa Biyyoleessaa irratti kan xiyyeeffate ture jedheera. Haaluma kanaanis hojjettootaa fi itti gaafatamtoota dhaabbattichaa 26 irratti, galmee 46'n himanni banameera jedheera. Jara himataman kanneen keessaa 22 wayita ammaa hidhaa keessa jiru. Obbo Getaachoo Asaffaa dabalatee, Atsibihaa Giday, Asaffaa Balaay fi Shishaay Li'uul namoonni jedhaman ammoo iddoo hin jirretti himanni irratti banama jedha ibsichi. Obbo Getaachoo Asaffaa irratti himanni baname aangoosaanii karaa seeraan alaan gargaaramuu fi yakka malaammaltummaa olaanaa raawwachuu kan jedhudha. Amma dura Abbaan Alangaa Federaalaa Biraanuu Tsaggaayee ''Obbo Getaachoon Naannoo Tigaayitti akka dhokatanii jiran ragaa qabna" jedhanii turan. "Naannichi dabarsee akka nuuf keennu gaaffannuus fedhii osoo hin agarsiisiin hafeera,'' jechuun isaanii ni yaadatama.
oduu-46190641
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46190641
Oduu Sobaa: Miidiyaalee hawwaasummaarra tatamsa'een namoonni daboodhaan ajjeefamaa jiru
Magaalaa xiqqoo Meksiikoo tokko keessatti oduun namoonni daa'imman gudeedan jedhu karaa WhatsApp tamsa'e. Oduun sun soba ture, osoo namni tokkoyyu oduun sun soba ta'uu hin mirkaneessiin namoota lama gubanii ajjeesan.
Yeroo Rikaardoofi Albeertoon ibiddaan gubamanii du'an namoonni ammoo mobaayila isaaniitiin waraabbachaa jiru Gaafa Agayya 29, gara walakkaa guyyaa Mawuraa Korderoo namni jedhamu abbaa qabeenyaa suuqii meeshaa artiifi aadaa magaalaa xiqqoo Akatlaan Meksiiskoo keessa jirtu tokkoo waan duraan argee hin beekne argite. Namoonni hedduun fuula dura qopheessaa magalaattii kan suuqii ishee cinaatti argamutti walitti qabamaa turan. Akka dubartiin ganna 75 taate kun jettutti namoonni hedduuun guyyaa ayyaana waggaa irraa kan hafe akka sana walitti qabamuun haaraa ture. Akkuma suuqii ishee fuula dura dhaabatteen poolisoonni konkolaataadhaan namoota lama qabatanii darban. Wayituma sana namoonni walitti qabamanii turan konkolaataa poolisii shakkamtoota lama qabatee gara buufata poolisiitti deemaa ture duukaa 'yakkamtoota daa'imman gudeedan' jechaa iyyaa/wacaa turan. Poolisoonni shakkamtoonni sun warra daa'imman gudeedan osoo hin taane, yakka salphaatiin kan shakkamanidha jechuun namoota mormiitti jiran sana amansiisuuf yaalanillee, baayyinni namoota mormanii guddachaa deeme. Buufata poolisii sana keessa dargaggeessi ganna 21 ta'e Rikaardoo Filooreesiifi eessuma isaa kan ganna 43 ta'e Albeertoo Filoores turan. Rikaardoon magaalaa Zalaappaa jedhamtu keessatti guddate. Yeroo rakkoon uumamutti garuu firoota isa dubbisuuf jeha gara magaalaa Akatlaan deemee ture. Guyyaa sana jarri kun lamaan meeshaa ijaarsaa bitachuudhaaf gara gidduigala gabaa deemanii turan. Poolisiin akka jedhutti namoonni kun yakka hojjechuu isaanii kan agarsiisu ragaan hin jiru garuu sababii jiraattonni naannoo isaan himataniif "nageenyi naannoo boora'ee jennaan" gara buufata poolisii isaan geessan. Mormiin daboo Daandii Refoormaa irra ture cimee jijjiiramaa deeme. Oduu karaa app WhatsApp tiin dadarbuun itti jabaachaa deeme. "Maaloo tokkoon tokkoon keessan of eegadhaa warri daa'imani gudeeduuf duulan magaalaa keessan seenaniiru," ergaa jedhu karaa erga mobaayilii waliif dabarsuu eegalan. "Yakkamtoonni kunneen warra qaama namaa dhoksaan gurguratan fakkaatu... Guyyoota muraasa darban keessa daa'imman umuriin isaanii waggaa afur, sadetiifi 14 ta'an achi buuteen isaanii dhabameera. Daa'imman achi buuteen isaanii dhibame kunneen gariin isaanii du'anii argamaniiru, qamni isaaniis kan keessaa babba'e fakkaata. Garaan isaaniis banamee qullaa ture." Yeroo sanatti oduun sobaa irratti hoofame kun Rikkaardoofi Albeertoon akka yakka daa'imman gudeedaniitti waan ilaalamaniif sodaan waan gochuu danda'an hin turre. Namoonni buufata poolisiitti walitti qabaman sun nama maqaan isaa Firaansiskoo Maartiineez jedhamu yeroo dheeraadhaaf Akatlaan jiraataan tureen akka caalaa haaraniifi miira keessa galan taasifaman. Akka poolisiin jedhetti, Maartiineez namoota warra ergaa sobaa karaa Facebook fi Whatsapp daddabarsuudhaan Rikkaardoofi Albeertoo yakkamtoota taasisaa turan keessaa tokkodha. "Yaa uummata Akatlaan de Osoriyoo, maaloo kottaa deggersa keessan taasisaa," jechuudhaan kamaeraa keessaan dubbata. Na amanaa, warreen nama gudeedan kunoo as jiru." Yeroo Maartiineez namoota magalaa keessaa mormiidhaaf kakaasutti, namni biraan poolisiin maqaa isaa Maanu'eel jedhe galma buufata poolisii cinaa jiru tokko yaabbatee bilbila/dawelii waajira mootummaa iyyisiisaa poolisiin warreen yakka raawwatan Rikkaardoofi Albeertoo gadi dhiisuuf karoorfataa jira jechuun dhaamsa uummataaf dabarsaa ture. Namni sadaffaan tokko, Petronilo Castelan kan jedhamu meeshaa sagalee guddiftuu fayyadamuudhaan jiraattota waamee akka qarshii ittiin beenzila ittiin namoota kunneen lamaan ittiin guban bitaniif gaafatee, kessaa deddeemee walitti qabaas ture. Bakka Rikkaardoofi Albeertoon itti gubatan Mawuuraa Kordeeroo suuqii ishee keessa teessee waanta ta'aa ture sodaadhaan hanga namni tokko naannoo sanaa sokki namoota lamaan gubuudhaa jedhutti ilaalaa turteI. Yeroo muraasaan booda, namoonni daboon mormiirra turan sun waan tokko irratti walii galan. Karra buufata poolisii sana cabsanii Rikkaardoodhaafi eessuma isaa Roobertoo butanii gadi baasan. Namoonni akkuma mobaayila isaaniitiin waraabaa jiranitti Rikkaardoofi Albeertoon iraan gadi darbataa dhakafi mukatti buusaa gara jabina rukutaman. Isaan booda Beenzila duraan bitame sana itti rafarafuun. Akka namoonni ijaan argan jedhanitti Rikkaardoon rukkutaan dursee lubbuun kan keessaa ba'e yommuu ta'u eessumni isaa Albeertoon ammoo yeroo isaan ibidda itti qabsiisanillee lubbuun keessa jira. "Waanti ta'e sun gocha baayyee sukkaneessaa Akatlaan keessatti kanaan dura ta'ee hin beeknedha," jedhe Kaarlos Fu'eentes konkolaachisaan taaksii buufata poolisii sanatti dhiyoo jiru tokko. Abbaa Rikkaardoo Waanta guyyaa sana magaalaa akatlaan keessatti ta'e namoota muraasatuu dubbachuu danda'a Gaafa Agayya 29, haati Rikkaardoo, Maariyaan, ergaa Facebook waan jalqaba akka abjuu itti fakkaate argite. Hiriyyaan isheetti dhiyaatu Akatlaan irraa ilmi ishee Rikkaardoon daa'imman gudeeduun shakkamee qabameera ergaa jedhu erganiif. Dogoggora jettee yaadde. Rikkaardoon waan akkasii keessatti hirmaatee hin beeku. Garuu ergaan walumatti fufee dhufaa ture. Boodarra ergaan Facebook kallattiidhaan waraabee dabarsu ni dhufe. Isheenis irratti cuqaastee namoota daboodhaan morman argite, itti aansuudhaansis ilmi isheefi wasiilli isaa daboo sanaan wayita reebaman argite. Miira of wallaaluu keessa tessee, ergaa jalatti barreessite. Maaloo isaani hin miidhiinaa, isaan hin ajjesiinaa, isaan warra daa'ima gudeedan mitii," jettee barreessuu ishee ni yaadatti. Garuu ergaan ishee bu'aa tokkollee hin qabu, waan rifaasisaa waiyita ilmasheefi wasiila isaarra ga'u, beenzila itti rafarafanii guban karaa tekinooloojii kanaa teessuu ilaaluu qofa ture carraan ishee. Tekinooloojiin mobaayilaa isheen teessee ajjeechaa sukkanneessaa ishee magaalaa Akatlaan irraa darbu ilaaltu sun akka namoonni ajjeechaaf namoota ittiin daboodhaan birmachiifataniifis isaan gargaareera. Albeertoo Filoores abbaa ijoollee durbaa sadii ture Akaatlaan keessatti, namoonni guyyaa sana hedduu rifachuu irraan kan ka'e riphanii turan. Haati qabeenyaa suuqii, Aadde Mawuuraa Kordeeroo garuu suuqi isaanii cufanii baqatanii turan. Akka aanga'oonni jedhanitti, namoonni shan yakka kakaasuudhaan afur ammoo ajjeechaa rawwachuun himatamaniiru. Maariyaan namoonni maaliif oduu sobaan akkas daboodhaan akka ba'anii naaf galuu hin dandeenye jetti. "Maaliif hin mirkaneeffanne? Daa'imman butaman hin jiran, namni komii dhiyeeffates hin jiru. Oduu sobaa ture," jette. Namichi yeroo bilbila iyyisiisuun namoota birmachiisutti Ajjeechaan Rikkaardoofi Albeertoo magaalaa xiqqoo Meksiikoo keessatti argamtu keessatti mudate kan adda ta'e miti. Oduun sobaa karaa Facebook fi WhatsApp tatamsa'u biyyoota akka Indiyaa, Miyaanmaariifi Siri Laankaa keessatti miidhaafi walitti bu'nsa geessisaa jiru keessaa isaan muraasa. Maariyaa, haati Rikkaardoo bilbila ilma ishee qabattee Gaafa Agayya 30, guyyaa Rikkaardoofi Albeertoon ajjeefaman bulee jechuudha, namoonni kutaa biyyaa Oaxaca jedhamu keessa jiraatan garee namootaa miseensota torba of keessaa qabu hojii halluu dibuu hojjetan, namoota daa'imman gudeedan jedhamanii oduu sobaan himataman gubanii ajjeesuuf ba'anii turan. Guyyaa sanarra garuu poolisoonni namoota oduu sobaan shakkaman ajjeefamuuf turan oolchuu danda'aniiru. Guyyaa Akatlaan keessatti Rikkaardoofi Albeertoon oduu sobaan ajjeefamanitti garuu namoonni fiilmii ajjeechaa kana argan kutaa biyyaa Meksiikoo Tuulaa jedhamtu keessatti namoota lama oduu sobaadhaan daa'imman gudeedaniiru jedhuun reebamanii, gubamuun ajjeefamaniiru. MNeksiikoon alattillee, gaafa Onkoloolessa 16 Iquwaadoor keessatti dhiirri lamaafi dubartiin tokko dolaara US 200 hataniiru oduun sobaa jedhu miidiyaa hawwaasummaa WhatsApp irratti tatamsa'ee akka ajjeefamaniif sababa ta'eera. Guyyaa gaafa Onkoloolessa 26 ammoo magaalaa guddittii Kolombiyaa Bogotaa keessatti namni oduun sobaa akka inni waan daa'ima mana barumsaatii buteetti karaa WhatsApp ergaan darbee daboodhaan ajjeefameera. WhatsApp rakkoo kana keessa galee ilaaluudhaaf yaalaa jira. "Rakkoon miidhaa daboon/duulaan raawwatamuu kun gama kampaanota tekinooloojiitiin, dhaabbileen hawwaasaatiifi mootummaatiin tarkaanfii fudhachuu feesisa jennee amanna," jechuun kampaanichi BBC'tti himeera. Dubbi himaan Facebook ammoo BBC'f yaade kennaniin, "tajaajilli Facebook miidhaa qaqqabsiisuuf akka oolu hin barbaannu." "Yakka 10 raawwataman keessaa sagal tekinooloojiidhaan fayyadamanii akka ta'an ni amanna," jedhan Itti-aanaan Ministira Odeeffannoofi Cyber Intelligence kan Magaalaa Meksiikoo keessa jiruu Joosee Giil. "Miidiyaaleen hawwaasummaa odeeffannoo sobaa saffisaan tamsaasa'an uummata jijjiiraa jiru sababiin isaas namoota nuti amanu irraa waan dhufaniif akka waan dhugaa ta'eetti fudhanna," jedhe. Hawwaasni isa kamitu dhugaadha, isa kamtu ammoo sobadha kan jedhu adda baafachuun irraa eegama." Rakkoon seera hojiirra oolchuufi aadaan walabummaa Meksiikoo keessa jiru oduun sobaa sadarkaa miidhaa geessisuurra akka ga'u taasiseera, jedhan miseensa paarlaamaa kan ta'an Tatiana Clouthier. Nama gubanii ajjeesuun Akatlaan keessatti uumame mirga dhuufaafi of ibsachuu caalaa gatii cimaa baasise, jetti miseensi paarlaamaa kun. "Garuu isa kamiif sadarkaa hangamiitti dursi kennamaaf? Mirga walabumaan of ibsachuuf dursa kennuu qabna garuu daangaan isaa hanam? Waanti kun mata duree eenyu keenyayyu keessa galuu hin barbaannedha sababiin isaa eenyuyyu mirga bilisaan of ibsachuu isaa dhabuu hin barbaadu. Ta'us garuu odeeffannoo sobaan nama burjaajessuu garuu eyyamuu hin qabnu. Haalli yeroo ammaa keessa jirru baayyee hamadha. Poolisiin Naajeeriyaa akka jedhetti ammoo oduun sobaafi suurrawwan akka barbaadamaniin tolfaman kutaa Biyyaa Pilaatuu jedhamu keessatti ajjeechaa namoota kudhanii ol ta'aniif sababa ta'eera. Oduun sobaa Facebook irraa namoota ajjeesaa jira.
oduu-44123266
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44123266
Ramadaana ilaalchisee ilaalchota qeeqaman jahan
Jiini Ramadaanaa ji'a qulqulluu jedhamuun beekamu jalqabeera. Adunyaarraa hordoftoonni amantii Islaamaa barii lafaa irraa jalqabee hanga aduun lixxutti nyaata fi dhugaatii kamiyyuu lagachauun turu. kaayyoonsaa karaa of qabuu fi kadhata dheeraa taasisuun jireenya afuuraa fi amantaa ofii cimsataniidha. Kun akka carraa jireenya afuuraa ofii xumurachuu ykn guuttachuutti ilaalama.
Masjiida Lafarratti garuu wanti salphaa fi qajeelaa fakkaatee yaadaa fi ilaalcha namootaa yeroo dheeraaf addaan qoqqoodee jira. Fatma Wardy dhadhaa baattee jirti Qabxiileen kanaa gaditti jiran ilaalchota dogoggoraa xiinxala barataa saayinsii Islaamaa fi Shari'aa akkasumas nama Quraana guutuusaa sammuusaatti yaadachuu danda'u Shaabir Hasaniin tarreefamaniiru. Gartokkeen isaanii falaasamoota irratti kan hundaa'an fi qabxiileen kaanis hiikaa fi xiinxala kennuuf banaa kan tahaniidha. Ilkaan qulqulleeffachuun ykn rigachuun sooma hiikuu dha. Ilkaan rigachuun fayyummaaf gaariidha jedha Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii Akka yaada hayyootaatti ilkaan rigachuun sooma hiikuu miti. Akka yaada Hassanitti namootni tokko tokko waanti xiqqoon akka meentaa saamunaa ilkaanii keessa jirtu sooma hiikuuf gahaa dha jedhanii amanu. Beektonni addunyaa hedduun ilkaan rigachuun sooma irratti rakkoo hin qabu jedhanii amananis, Hassan garuu namoota shakkii qabaniif yaada agarsiistuu qaba. Gorsa gaariin namoonni yeroo ilkaan qulqulleeffatan saaamunaa ilkaanii xiqqoo fayyadamuu qabu, kun qabiyyee meentaa[mint] keessa jiru sana xiqqeessa. Gara biraan ammoo rigaa mukaa fayyadamuu, kun uumamaan waan rakkoo qabu miti. Dhaabatni Fayyaa Addunyaas yeroo gabaabaadhaaf itti fayyadamuun akka danda'amu gorsa. Hancufa [gorora] kee liqimsuu hin qabdu Nama dhungachuun sooma cabsa Hancufa kee liqimsuun eeyyamamaadha rakkoo tokkollee hin qabu ,ni jajjabeeffama.Kun guutummaatti ilaalcha dogogoraati,hancufa ofii liqimsuun uumamaan kan namaaf kennamedha. Wanti sooma namaa cabsuu danda'u garuu dhangala'aa nama biraa ofitti fudhachuu ykn liqimsuu dha. Hancufa nama biraa liqimsuun yeroo soomaa wanta dhorkamudha jedha Hasan . Haadha warraa kee ykn hiriyaa kee dhungachuu hin qabdu ykn baayee itti dhiyaachuu hin qabdu .yaadni soomaa guutuun fedha mataa kee to'achuu ,kun ammoo nyaata ,dhugaatii fi hariiroo cimaa qabaachuu irraa of qusachuudha. Kan biraan waa'ee nyaataa fi dhugaatiiti. Namoonni sooman hamii fi nama arrabsuurraa of eeguu qabu Wantootni sooma cabsan nyaataa fi dhugaatii qofa miti .Cubbuuwwan arrabaan dhufan ykn dubbataman sooma fudhatama dhabsiisuu danda'u. Yoo duuba namaa nama miidhuuf yaalte ,hamatte.ykn namoota biraan kakate soomni kee gatii dhabuu danda'a,jedhe Hasan. Akka tasaa nyaachuun ykn dhuguun sooma nama hiiksisa Daa'ima adda qabattee jirtu Yoo guutummaa guutuu yaadakeen soomaa jiraachuu kee dagattee nyaatte ykn dhugdee ,akkuma yaadatteen ammoo yoo dhiiste ammayyuu soomni kee fudhatama qaba. Haa tahu malee haala dhorkamaa kan akka yeroo kadhanna duraa ,yeroo dhiqannaa fi qophii irratti yoo nyaatte soomni kee fudhatama hin qabu. Seerota qophii kadhannaa duraa saddet keessaa tokko afaan luluuqachuu dha.Yoo tarii yeroo akkasii bishaanicha liqimsite soomni kee addaan citeera ykn hiikteetta jechuu dha. Hasan akka jedhutti yeroo qophii kadhannaa sooma keessa taasiftu tuttuqqii kamirraayyuu bilisa tahuu qabda. Afaan kee akkuma luluuqatteen alatti tufuu qabda. Dawaa ykn qoricha fudhachuu hin qabdu "Firstly, if you have a medical condition, the first thing to ask is should I be fasting at all?" Manni maree Islaamaa Briiteen, waldaa Idila Adunyaa Gilaakoomaa waliin tahuun akeekkachiisa namootni qorichoota muraasa fudhachuu qabu kan akka qoricha ijaafaa jedhu dabarsee ture. Akkasuma MCB waraqaa fayyaa ramadan [Ramadan Health fact sheet] hospitaaala keessatii hojiira oolu qopheesee kenneera. Isaanis qorichoota kan akka qoricha ija keessa buufatan,gurra keessa buufatan,lilmoowaan,fi qorichoota karaa qaama saalaa kennaman hammata. Namoonni yaalii kanneen irra jiranis addaan kutuu akka hin qabnee fi sooma keessatti eeyyamamaa tahuu barreessaniiru. Haa tahu malee qorichoota liqimsuun soomiin booda ykn dura tahuu qaba malee yeroo soomaatti fudhatama hin qabu jedhan. Akka yaada Hasaniiti yoo durumaan si dhukkuba tahe soomuun dandahaa? jettee gaafachu qabda. Quraana irras kan jiru yeroo hundumaa gorsa ogeessaa hordofuu qabda kan jedhu dha . 'Waan fedhe yoo tahe iyyuu soomuu qabda Older people are among those who are exempt from fasting Amantaa Islaamaa keessatti namootni dirqama soomaa qaban namoota fayyaa guutuu qabanii fi umuriinsaanii gahe jechuun wagga 15 ol tahan qofaa dha. Ijoolleen soomuu danda'uu? kuni daa'imman xixiqqoo hin hammatu, warreen hanqina qaamaa qaban, sammuunsaanii dhukkubu, imalarra jiran,dubartoota ulfaa fi harma hoosisan hin hammatu akka ICB ti. Manguddoota sababa garaagaraan soomuu hin dandeenyeef karaan osoo of hin miidhiin jireenya afuuraasanii cimsatan biraan jira .Yoo dhukkuba haala salphaan irraa bayyanachuu danda'an tahe guyyaa biraa soomuu danda'u.Yoo kan yeroo dheeraaf dhukkubu tahe garuu fadyah taasisuu qabu. Kun guyyaa guyyaatti maallaqa xiqqaa akka kennaattii namootni maatii hiyyeessaa akka ittiin sooramaniif kennuu qaba.Akka UKti pawondii afurii hanga shanii gidduudha .
oduu-51353558
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51353558
MM Abiy: 'Siyaasni shiraa jira garuu kan injifannuu ta'uun mirkanneessu barbaada'
Ministirri Mummee Abiy Ahimad gaaffii miseensoota Mana maree Bakka Bu'oota Ummataatiin har'a dhiyaateef deebii kennanii rakkooleen garaa garaa jiraatan illeen Itoophiyaan waggaa tokko dura dhidhiimaa turte ammaa kaatee bishaanirra bololi'aa jirti jedhaniiru. Waa'ee nageenya Wallaga keessaa
Barri biyyattiin keessatti argamnuufi kan paartileen siyaasaa keenya tokko tokko keessatti argaman wal hin gitu jedhaniiru MM Abiyi. Rakkina nageenyaa Wallaggatti mudameera jedhameen qaamooleen hidhataniin halleellaan qondaaltoota mootummaa, invastaroota fi qaamoolee adda addaarra gahaa tureera jechuun ibsu. Kana ammoo haala walitti fufiinsa qabuun attamiin hiikamu qabaata yoo jedhame, haala biyyaaf bu'aa qabaatuun hiikamu qaba jedhaniiru. Kunis karaa nagaa, fi karaa mariitiin furmaatni akka dhufu hojjachuudha jedhaniiru. Fakkeenyaaf, raayyan ittisaa haleellaa banee osoo namoota 10 ajjeesee kun nama hin boonsu kan jedhan MM Abiy, gareen inni sunis yoo akkas godhe hiika hin qabu. Obboleessi obbooleessa ajjeesee bu'aan argamu gonkumaa hinjiraatu jedhan. Haa ta'u malee, biyya tokko keessa mootummaan lamaafi gareen hidhate lama jiraachuu hin danda'us jedhan. Keessattu biyya sirna dimokiraasiif harka bantee keessatti marii malee waan biraa hinbaasu jedhan. Kanaan alatti adeemsi jiru nama hin baasu namoota nagaa miidha. Mootumman lama jiraachuu waan hin qabneef mootumman seeraan hundaa'e tarkaanfii fudhachuun isaa dirqama jedhan. ''Gareen nagaan haa hiiknu, mariin barbaada jedhu yoo jiraatee mootummaan ammas gammachuudhaan harka bal'isee simata'', jechuun ibsaniiru. Haalli amma jiru garuu, mootummaa karaa lamaan rakkoo keessa galchuun dadhabaa taasisuuf yaaluutuu jira jedhan. Sagaleen tokkoon nageenya kabachiisuuf tarkaanfii fudhachu hindandeenyi kan jedhu yoo ta'u, qaamumti sun karaa biraan tarkaanfii Wallagaatti fudhattaniin miidhaa geessisaa jirtu jechuun motummaa dadhabsiisuuf yaalamaa jira jedhan. Qaamni ummataa tokkorraa dafaa tarkaanfii fudhadhaa naannicha bilisa taasisaa kan jedhuufi, gara tokkoon ammoo Raayyaa baasaa kan jedhutu jira. Kunis waldhabdee ummata Amaaraafi Oromoo jiru kan gara kallattii hintaaneetti geessuudha jedhaniiru. Yeroof kan paartii badhaadhinaa mudate fakkaachu danda'a. Booda garuu kan ummattoota lamaan wal dhabidee cimaa keessa galchu waan ta'eef, qaamooleen kun siyaasa jedhanii xabataa jiran osoo adeemsa ogummaafi yaada naanneeffanaatiin hajjatan gaatii ta'a jedhaniiru. Haala nageenya waliigala biyyatti Keessattuu haala siyaasa biyyattii ilaalchisuun deebii keenaniin,''siyaasni shiraa jira, garuu karoora yeroo gabaabaa, kan jiddu galaafi kan yeroo dheeraatiin hojjachuun kan injiffannu ta'u mirkanneessuun barbaada'' jedhaniiru. Fakkeenyaaf mootummaan duraa networkiiwwan wal xaxaa diriirsuun isaa madda rakkoolee biyyattiin jijjirama duraan keessa turteef kan qaqqabsiise ta'u himan. Alshabaabiin alatti gareeleen Itoophiyaa kuffisuuf yeroo gaariin amma jedhanii yaadan nageenya hin barbaanne biyya keessatti bal'inaan socho'aa jiru jedhan. Kunis hin milkaahu dhiyeenyatti gabaasa guutuu argattu jedheen yaada jechuun ibsaniiru. Badiinsi waan hinmudanneef gatiin itti kennamu gadaanaa ta'u danda'a kan jedhan MM Abiy, humni raayyaafi tikaa hojii boonsaa hojjate jedhan. Kanaafuu furtuu networkii sanaa argachuufi haala ittiin netiworkiin sun diigamu hubachuun mataansaa rakkina akka ture himaniiru. Haa ta'u malee, tarkaanfii jijjiramaa fudhatameen fakeenyaaf namoonni siyaasaa biyyoota adda addaa keessa turan biyyatti akka deebi'an ta'un alatti miidiyaaleen ugguramanii turan bilisaan akka socho'an taasifamuu yaadachiisan. Akkasumas seeroota ukkaamsoo tahan akka foyyeeffaman tattaaffiin taasifamu kan himan MM, rakkoolee kanneen hundaaf harka caalaan kan maddee paartii biyya bulchaa ture irraa jedhaniiru. Kanumaan walitti qabuunis, haala attamiin mootummaan federaalaa naannoolee keessa seenuu akka danda'u ilaalchisee akkasiin kaa'aniiru. ''Mootummaan Federaalaa haala sadiin naannoolee keessa galee hojjechuu danda'a. Isaaniis naannoleen wayita deeggarsa gaafatan, mirgi namoomaa akka malee yoo sarbame fi heerri biyyatti rakkoo hamaa keessa wayita galuudha'' jedhan. Motummaan federaalaa humnoota walabummaa biyyattiif rakkina ta'an irratti tarkaanfii fudhachuudhas jedhaniiru. Haleellaa manneen Amantaa Wayita nuti keessaan wal dhabnu qaamooleen alaa qaawwa akka nutti hinarganne beeku qabna kan jedhan MM, rakkina biyya keessaa keessa walitti bu'iinsa gama amantaa kaasaniiru. Istaadiyaamii wayita galamu sakkata'un ni jiraata ta'a garuu gareedhaan walitti bu'u jedhamee poolisii dhaabuun waan yaadamuu hinqabne ture. Dhaabbilee amantaas bakka namoonni itti baqataniin dahoo argatan malee bakka rasaasni itti dhoka'u hinturre. ''Haalli haaraan fudhatama hinqabne garuu nu mudataa jira. Manneen amantaa mancaasun, Istaadiyoomii keessatti deeggartoonni garee lamaanii walitti bu'uun, yunivarsiitilee keessatti barataan akka wal ajjeesuun waan biyya keenya keessatti baratame miti'' kan jedhan Dr. Abiy. Ugguraa barattootaa Akkasumas uggura barattootaa naannawa Dambi Dollootti mudateen hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hinjiru jedhan. Ragaalee jiran irraa kan ka'e gara kan uggurame hin jiru yaada jedhuutti siiqnee ture garuu sana gochuun maatii joollee isaa dhabee yaaddoo keessa jiru dararuu waan ta'eef gabaasa kana dhiyeessuu hin feene jedhan. Akka feenetti dubbachuun rakkoo hamaa waan fiduuf osoo gabaasa guutuu hin qabaatiin dubbachuu waan hin feenef gareen MM itti aanaan hoogganamuu ijaarameera jechuun ibsan. Sochii cimaa raayyaan ittisaa taasiseenis barataan miidhamee argame tokkolleen hinjiru. Garuu barattoonni essaa akka jiran hinbeekamnee ni jiru jedhaniiru. Koreen hundeeffammee hojjataa jiraachu himuu, hanga ammaa kanatti namni miidhamee kamu kan hinjirree jiraachuun ibsu barbaada jedhan. Nuti garuu odeefannoo qulqullaa'aa otoo hin qabaatiin jarjaraan waa jechuu waan hinbarbaadneef hojjataa turre jedhan. Odeeffannoo kennuuf hariifachurra lubbuu baraaruu irratti xiyyeeffachuun hojjachu irratti kan xiyyeeffatan ta'u himan.
oduu-50359416
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50359416
Itoophiyaan seera haasaa jibbinsaafi odeeffannoo sobaa tamsaasuu dhorkuufi to'atu tumachuuf
Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa Kora Idilee isaa 75 ffaa Onkoloolessa 09, 2019 taa'een seera haasaa jibbinsaafi odeeffannoo sobaa tamsaasuu dhorkuufi to'atu ilaalchisee wixinee qophaa'erratti mariyachuun akka ragga'uuf mana maree bakka bu'oota ummataaf dabarseera.
Akka ibsi mana maree ministirootaa agarsiisutti, rakkoo tatamsa'uun haasaa jibbinsaafi odeeffannoo sobaa qaqqabsiisu seerawwan biyyattiin yeroo ammaa qabduun furuun waan hin danda'amneef wixinee labsii dhimma kanarratti Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa qopheesserratti gadi fageenyaan mariyateera. Manni maree ministirootaa," Haasaan jibbinsaafi odeeffannoon sobaa tatamsa'uun jireenya hawwaasummaarratti, tasgabbii siyaasaa, tokkummaa biyyaa, kabaja namoomaatiif, akkasumas sab-daneessummaatiif gufuu guddaa'ta'uu" ibseera. Manni maree ministirootaa kun wixinicharratti erga mariyateen boodas waan sirreeffamuu qaba jedhurratti yaada kennuun akka ragga'uuf Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatif erguu beeksiseera. Itti dabalataan ibsi kun, "Sababii haasaa jibbnsaafi odeeffannoo sobaa tatamsa'aa jiru kanaan keesumaa yeroo ammaa kana dudhaan hawaasa gidduu jiru dhabamee nageenyi biyyaa yaaddaa keessa galuu," eereera. Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee isaa 75ffaa gaggeessen kanaan murteewwan addaddaa kan biroos abarseera. Wixinee dambii ittiin bulmaata Raayyaa Ittisa Biyyaa kanaan duraa lakkoofsa 385/2008 fooyyessuuf, Ministeerri Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa qopheessuun mana marichaaf dhiyeesserratti mari'atee, waan foyyaa'uu qaba jedhu erga yaada kennee booda murteessera. Dambii hundeeffama Faawundeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaas qopheessuun dhiyeesserratti mari'atee, yaada foyyeeffamuu qaba jedhame erga dhiyaateen booda hojiirra akka oolu murteessera. Kana malees, manni maree ministirootaa kora isaa kanaan wixinee labsii naamusa sirna bulchiinsa Federaalaa Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa qopheesserratti erga mari'ateen booda akka ragga'uuf Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif dabarsuu beeksiseera. Wixinee labsii mootummaan Itoophiyaafi Riippabliikni Jabuutii toora gaazii uumamaa dabarsuuf waliigalanirratti mari'achuun Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa akka raggaasisuuf dabarseera.
oduu-45327460
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45327460
Lukkuu gurraacha dargaggoota sadi hidhaaf saaxile
Giinii keessatti dargaggoonni MM biyyattii Kaasoorii Forfaanaaf lukkuu kormaa gurraacha akka kennaatti waan kennaniif poolisiin qabamanii turan bilisa gadhiifaman.
MM Kaasoorii dhuma torbee darbee gara baha biyyattii, lafa paartiin isaanii deeggarsa guddaa qabutti imalanii deeggartoota isaaniif haasawa gochuutti turan. Kana gidduutti ture dargaggoonni sadan kunneen kennaa kana kennuufii kan yaalan akka namoonni ijaan argan himanitti. Haa ta'u malee battalumatti eegdoti MM fi poolisoonni wal tahuun sadan isaaniiyyuu to'annaa jala oolchan. Lukkuun gurraachi akka milkii badaatti ilaalama bakka hedduutti. Kan dargaggoota kana hidhaaf saaxiles kanuma. Kennaan isaanii akka MM irraa miidhaa geessisuuf yaalaniitti fudhatamee ture kan hidhaaf isaan saaxile. Dargaggoonni kunneen osoo himati irratti hin dhiyaatiin bilisaan gadhiifamanii jiru.
oduu-45205386
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45205386
Kibba Naayijeriyaatti naacha akka Waaqaatti waaqeffamu
Kibba Naayijeriyaatti jiraattonni naacha ganna 78 kana akka Waaqaatti waaqeffatu.
Jiraattonni magaalaa Ibaadaa lubbuu qabeessa bishaan keessa jiraatu kanaaf kadhannaa isaanii akka dhagahuuf lukkuu isa sooru. Qabeenyummaansaa bara dheeraaf kan warra Deleesooluu yoo taheyyuu isaan garuu humna hafuuraa qaba jedhanii hin amananii. Rayifuun Yasuuf gaggeessaa maatii Deleesooluu yoo tahu ''Amantiin keenya musliima waan taheef, naachi kun humna addaa qaba jedhee hin amanu'' jechuun BBC'tti himeera. Hakimoonni aadaa garuu naachi dandeettii addaa nama dhukkubsate fayyisuufi warri ulfaa'uu barbaadan akka milkaa'an taasisu qaba jedhanii amanu jedheera. "Kanaaf akka naachicha waaqeffataniifi akka sooraniif hayyamneef" jedha. "Akkasitti ture kan jalqabe, namoonnii hanga har'aattillee ni dhufu." "Yeroo tokko tokko bobbaasaafi bishaan inni keessa jiraatu gaafachuu dhufu. Kanas dhukkuba irraa nu fayyisa jedhanii waan amananiif akka qorichaatti itti fayyadamu jechuun BBC'tti himeera.
oduu-57158258
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57158258
Filannoo Itoophiyaa: Yaaddoo guyyaa filannoo achi butuun uumu
Guyyaan filannoo Itoophiyaa achi siiquun muddama dabalataa akka hin uumneef sodaatamaa jira.
Lammiilee miiliyoona 110'tti tilmaaman keessaa miiliyoona 36 kan ta'an galmaa'aniiru. Hoggantuun Boordii Filannoo Birtukaan Miidhaksaa qondaalota paartilee siyaasaa garaagaraa waliin walgahii gaafa Sanbataa taasisaniin, galmee filattootaa, leenjii raawwachistoota filannoofi waraqaa filannoo raabsuu irratti ammallee danqaan jira jedhan. Filannoon kuni gaafa Waxabajjii 5 adeemsifamuu dhiisuu mala jedhan. Torbee lamaafi sadiin dheerachuu mala jechuun paartileen siyaasaas yaada isaanii erguu akka danda’an himan. Filannoon kuni kan baatii Hagayyaa bara darbe taasifamuu maludha sababii Covid-19 achi dabarfamee as gahe. Filannichi maaliif irra deebiin boodattii harkifate? Kora boordii filannootiin adeemsifameen qondaalotni boordichaa galmee sagalee kennitootaafi meeshaalee filannoo raabsuu irratti rakkoon akka jiru paartileetti himaniiru. Hirmaattoonni walgahii kanaa tokko tokko mootummaan federaalaa rakkoo akka biyyaatti jiru waliin wal'aansoorra akka jirus kaasaniiru. Humnooti nageenyaallee rakkoo nageenyaa uumaman to'achuun ala adeemsa filannoo tiksuun hojii dabalataa itti ta'uu mala jedhameera. Wal-dhabdeen sabaa naannolee Itoophiyaa garaagaraatti mudatus meeshaalee filannoo iddoo garaagaraatti qaqqabsiisuuf rakkisaa taasiseera. Tahus, waqtiin gannaa Waxabajii jalqabee Adooleessaa fi Hagayyaa keessa jabaatee itti fufuu yaaddoo hirmaattota walgahii kanaa ture. Kaanimmoo filannicha achi siiqsuun naannoolee baadiyyaa irratti filannoof rakkisaa gochuu danda’a jedhan. Haala kanaan, gariin isaanii filannichi gara Fulbaanaatti achi siiqfamuu qaba jedhan. Haa tahu malee, Fulbaanatti mootummaan haaraa hojii jalqabuu gatii qabaatuuf rakkoo siyaasaa biraa uuma. Deebiin ummataa maali? Achi siiqfamuu guyyaa filannoo ilaalchisee wanti guddaa jedhame jiraachuu baatus gariin namootaa garuu torbeen lamaafi sadii akkamiin haala filannoo geggeefamuu gargaaruu danda’a gaaffii jedhu kaasu. Ministirri Mummee Abiiy Ahiimad ergaa Tiwiitara irratti barreessaniin guyyaan filannoon achi siiqfamuu deeggaranii ‘boordii filannoo walabummaan,’ akka hojjetu himan. Lammiilee Itoophiyaa maraaf, filannoowwan darban irraa bilisaafi haqa tahe akka geggeessinu ni mirkaneessina jedhan. Filannoon torbanoota dhufan keessatti akka geggeeffamu himuun galmeen sagalee kennitootaas gaarii ture jedhan. Haa tahu malee, gareeleen biyya alaa jiran mootummaan filannoon dura marii biyyaalessaa dursuu qabaa jedhan. Rakkoo naannoo Tigraay jiruufi wal-dhibdeen sabaa dura furamuu qaba waan jedhus kaasu. Mootummaan hidhamtoota akka gadhiisuufi araara biyyaa irratti akka xiyyeeffatus yaada kennu. Dhimmi filannoo kuni attamiin rakkoo Tigraay jiru waliin wal-qabate? Tigraay keessa rakkoo amma jiruuf sababiin tokko yeroon filannoo jalqabaa achi siiqfamuu dha. Ministirri Mummee Abiy mormiii ummataa bara 2018 tureen ministirri mummee yeroosii aangoo gadhiisnaan gara aangootti dhufan kuni, filannoo achi butuun tarkaanfii fayyaa ummataaf jecha fudhatamedha jedhu. Tahus murtoon yeroosii TPLF dhaaf hin liqimfamne ture. Hogganootni dhaabichaa yeroosii MM Abiy seeraan ala yeroo aangoo isaa dheerefachaa jiraa jedhanii turan. Haaluma kanaan TPLF baatii Fulbaana keessa ajaja mootummaa federaalaa cabsuun filannoo naannoo taasise. Baatii lamaan booda loltoonni TPLF buufata loltuu mootummaa federaalaa haleeluun Raayyaan Ittisa Biyyaa oppireeshinii waraanaa akka eegaluf ka'umsa ta'an. Lolli ji’a torba lakkoofsise namoota kumaatamaan lakkaa’aman lubbuu yoo dabarsu, kaan immoo qe’eerraa buqqaaseera. Dhaabonni mirgoota namoomaaf falman haleellaawwan suukaneessoo ajjeechaafi gudeeddii dabalatee qaamota wal lolan lamaan, loltoota Eritiraa mootummaa Itoophiyaa gargaaraniin dabalatee raawwatuu galmeessaniiru. Dhaabonni gargaarsaa nyaatni warreen isaan barbaachisuuf qaqqabaa hin jiru jechuun akeekkachiisaniiru. Mootummaan Itoophiyaa immoo gargaarsa waliin gahaa akka jiru garuu deeggarsi taasifamu xiqqaatuu hima. Namoota hangamiitu filachuuf galmaa’e? Hanga torbee darbeetti baay’ina uummataa Itoophiyaa miiliyoona 110 tahu keessaa namoonni miiliyoona 36 tahan filannoof galmaa’aniiru. Akka qondaaloti jedhanitti lakkoofsi kuni isa yaadameen miiliyoona 10 kan hir’ate yoo tahu, lakkoofsa filattootaa 2015 waliin garuu wal-fakkaataa dha. Tahus lakkoofsi namoota galmaa’an jedhamee gaaffii biraa kaaseera. Naannoo Oromiyaa, lafa paartileen mormituu ijoo irratti hirmaachuu didaniifi hoggantoonni siyaasaa kanneen akka Jawaar Mohaammad mana hidhaa jiranitti sagalee kennitoonni miiliyoona 15 tahan galmaa’uun namoota gariiniif gaaffii tahee jira. Mootummaan MM Abiy kana dura qeeqa qophii filannoorratti dhihaate qeeqeera. Ibsa baasen Gamtaan Awurooppaa taajjabdoota hin ergu isa jedhe ''waan guddaa miti hin barbaachisullee'' jechuun ibse.
oduu-44878708
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44878708
Itiyoophiyaa-Eertiraa: Battala maatiin waggoota dheeraaf gargar bahan wal argan
Xayyaarri Itoophiyaa balaliinsa daldala gara Eertiraatti taasisu waggoota 20f adda citee ture har'a eegalee jira.
Ministira Haajaa Alaa Eertiraa Osmaan Saaleefi MM Duraanii Itoophiyaa Hayilamaariyaam Dessaalenyi Balaliinsa seena qabeessa jalqabaa kanaan lammiileen Itoophiyaafi Eertiraa maatii isaanii waliin waggoota dheeraaf gargar citanii turan gara Eertiraatti imaluun maatii isaanii waliin wal arganii jiru. Battala maatiin gargar bahanii turan wal argan miirri jiru qalbii namoota hedduu hawwatee jira. Namoonnis marsaalee hawaasaa irratti suuraalee waliif qoodaa jiru. Xumura maxxansa Twitter, 1
oduu-50739625
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50739625
Ajajaa WBO Zoonii Lixaa: 'Qabsoo nagaatti deebi'uuf qabxiiwwan ijoo dhugaatti guutamuu qaban jiru'
Lixni Oromiyaa erga bulchiinsa Komaand Postii jala galtee amma waggaa tokkoof deema. Naannichatti yeroo garaagaraatti ajjeechaan namoota nagaa irratti yeroo raawwatus ni himama.
Marroo/ Kumsaa Dirribaa ajajaa WBO Zoonii Lixaa kan hidhannootti jiran. Ajjeechaa kanaaf ammoo mootummaan qaama hidhatee naannicha keessa socho'u waraana ABO duraanii himata. Jiraattotni BBC'n dubbisaa ture ammoo rasaasa lamaan du'aa jirra jechuun yeroo garaagaraa komatu. Gama mootummaan waraana ABO duraanii ammoo hidhatanii jiran deeggartan jedhamuun, gama biraan ammoo mootummaa deeggartan jedhamuun gidduutti akka miidhamaa jiran himu. Ajjeechaan dhiyeenya kana Wallagga Lixaatti I/G komunikeeshinii abbaa Taayitaa Daandiiiwwan Oromiyaa Obbo Tolaa Gadaa, magaalaa Naqamteetti I/G Qorannoo yakkaa Komaander Caalaa Dagaagaafi akkasumas Shawaa Lixaa aanaa Jalduutti qondaaltota aanichaa lama irratti raawwates ni eeramu. Ajjeechaa namoota nagaafi qondaaltota mootummaa irratti raawwatama jedhamu kanaaf mootummaafi waraanni ABO duraanii hidhatee jiru quba walitti qabuurra kan darbe addatti waanti beekamu hin jiru. Hunda caalaa barataan barumsa isaa, qonnaan bulaan qonnaa isaa, daldalaan daldala isaa, hojjetaan waajiraa ammoo hojii waajiraa isaa guutuufi guutummaatti nagaan bobba'ee galuun jiruu ofii gaggeeffachuun, ummatichaaf yaaddoo ta'uu jiraattotni kanaan dura BBC'n dubbisaa ture himaa turan. Oduuwwan kana waliin walitti dhiyaatan biroo kanneen keessaa dubbifadhaa: Dabalataan yaada isaanii bilisaan dubbachuufillee sodaa akka qaban himaa turan. Waraana mootuummanis waraana hidhatee jiru kan WBOnis akka ajjeechaan raawwatutu himama. Gaaddisa Paartilee Oromoo Ajjeechaa qondaaltota mootummaa Lixa Oromiyaatti torban lamaan dura raawwatameen walqabsiisuun BBC'n Itti-aanaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafaatiin nagaa uumuudhaaf maaltu ta'uu mala jechuun gaafatee ture. Aanga'aan kunis Gaaddisa Hooggansa Oromoo dhaabbate jalatti rakkoo akkasii kana furuudhaaf waliin hojjechuuf sochiirra akka jiran himan. Gaaddisni Paartilee Oromoo kunis rakkoolee paartilee Oromoo gidduu jiran hiikuuf marii ji'a jahaaf gaggeefmaa tureen booda akka hundaa'e ibsamee ture. Rakoo paartilee Oromoo ilaallatanis gaadisicha jalatti hiikuuf walii galanii, koreefi adeemsa ittiin hojjetanis ibsatanii turan. Guyyaa hundeeffamichaa walitti qabaa korichaa kan tahan Obbo Lammaa Magarsaa ijoollee keenya bosonatti haftan waliinis karaa nagaa fixachuu dandeenya jechuun dubbatanii ture. Haata'u malee erga Gaaddisa kana jalatti rakkoo jiru furuun nagaan hundaaf akka bu'uu taasisna jedhamees ajjeechaan hin dhaabbanne. Rakkoo ajjeechaa qodaalota mootummaa irra deddeebiyuun mul'atus akka dhaabbatuuf hojjechaa jirra kan jedhan Obbo dheeressaan: ''Qaamoleen dhuguma ummata Oromoof qabsoofna jedhan karaa nagaafi nagaan akka dorgomanidha fedhiin mootummaa,'' jedhu. "Wal-hubachuu dhaabuurraan malee Oromoon Oromoo ajjeesee waan fayyadamu hin qabu, kasaaraadha jechuun," dubbatu Obbo Dheeressaan. Akka mootummaatti ajjeechaa kana eenyutu raawwata jettu gaaffii jedhuuf: "Qaamni hidhatee socho'u hanga jiruttii gamaafi gamanatti qabachuun ni jira," jedhan. Gamaafi gamanatti walitti qabachuun kun yoom dhaabbataree? Akka Obbo Dheeressaan: "Walumaagalatti nuti akka mootummaatti meeshaan nu hin barabaachisu ejjennoo jedhu qabna," jedhan. Dabalataanis, lafa nageenyi hin jirreefi qaamni hidhatee socho'u kanatu, sanatu raawwate jechuun dimshaashessuun hin tahu. Inni guddaan qabsoo hidhannoo dhaabuu, meeshaa seeraan alaa to'achuufi olaantummaa seeraa mirkaneessudha jechuun fala waara'aadha kan jedhan dubbatu. Gaaddisa Hooggansa Oromoos ta'e mootummaan karaa mariifi nagaan rakkoo kana furuudhaaf fedhiin erga jiraatee akkamiin gara qabatamaatti ce'uu mala? Quba walitti qabuun kun ammoo akkamiin dhaabbachuu qaba? Dhimma kana irratti ajajaa waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Marroo ykn Kumsaa Dirribaa dubbisneerra. Uummatni naannichaa gam-lamaan, rasaasa lamaan du'aa jirra jedhu; waraana mootuummaafi waraana keessaniin miidhamaa akka jiran himatu; Uummata nagaa irratti maaliif ajjeechaa raawwattu gaaffii jedhan Marroof BBCn dhiyeesse. WBO'n ummata nagaa qonnaan bulaas tahu barataa bakka kamittuu ajjeesera jedhee uummatni yoo himate itti gaafatamummaa isaa ni fudhanna, ajjeeses hin beeku jechuun deebisan. Xiyyeeffannoon isaanii waraana mootummaa hidhatee socho'u irratti ta'uu himuun: "WBO roorrootu manaa isa baase. Roorroo sabaaf bahee ammoo deebisee saba isaa hin ajjeesu," jedhu. Wallagga Lixaatti aanga'aa mootummaa Obbo Tolaa Gadaa jedhaman hidhattotni akka ajjeesan mootummaan ibseera. Qondaaltonni mootummaa hojiif yeroo socho'an maaliif ajjeechaa raawwattu gaaffii jedhufis deebii kennaniiru Ajajaan WBO Zoonii Lixaa Marroon. "Namoota ummata tajaajiluuf bahan kam iyyuu hin ajjeesnu. Ajjeechaa Tolaa jedhamuu ilaalchisee waraana mootummaan marfamee osoo deemanii akkamiin isa qofaa adda baasuun ajjeesan jedhanii gaafachuun gaariidha." Akka mootummaan maxxansetti konkolaataa afuriin deemaa turan. Inni ammoo isa gidduu keessa ture jedha. Akkamitti Namoota jiran hunda keessaa isa irratti qofa xiyyeeffate jechuun bifa gaaffiin ibsu Marroon. "Namoota mootummaan qacaramuun hawwaasa tajaajilan kamiyyuu waraanni keenya hin ajjeesu." Namoonni hedduun naannoo nuyi socho'aa jirru keessaa bahanii hojjetanii galaa jiru kan jedhu Ajajaan kun, isaan irratti maaliif ajjeechaa hin raawwanne silaa jechuun ammas bifa gaaffiin, gaaffii deebisa. "WBO alatti wanta WBO fakkaatu mootummaan bobbaseerus waan jiruuf rakkoo hedduutu jira," jedha. Marroon waraanni isaanii uummatta keessa akka socho'u himuun mootummaan yeroo gabaabduu keessatti ummata keessaan baasa jedhee yaaduun yoo ummaticha fixuu tahe malee abjuudhaa jedhe. Gaaffii BBC'n dhaabni isaanii duraanii ABO'n Boordii Filannoo irraa waraqaa beekamtii fudhachuun mootummaa irraa amantaa akka qabaatan ibsuu hordofee ejjennoo keessan irratti wanta jijjire qabaa jedhee gaafateef Marroon deebii kennu hin qabu jechuun bira darbe. Karaa Gaaddisa Paartilee Oromoo kana waamichi osoo isiniif godhame gara qabsoo nagaatti deebi'uuf qophii qabduu kan jedhuu ammoo akkas jedhan. "Yoo daandiin araaraa dhugaa jiraate, jaarrolee mootummaanis nuyis irratti waliigallu filachuu qabna. Kan mootummaan dabballee ofii bobbaasatu miti. Sun nuuf hin tahu. Kanaan duras irratti walii hin galle," jedhu. Inni lammaffaan, labsii yeroo muddamaa mootummaan ummata irratti labsee jiru ka'uu qaba kan jedhu Marroon, bakki itti wal argamus murtaa'uu qaba. "Kun ammoo nageenya lamaan keenyaaf murteessaadha." Itti-dabaluun maqaa WBO dhaan namoota hedduun hidhamanii waan jiraniif hiikamuu akka qaban ibsuun, akka dubbiin kun tasuma irra deebiin hin kaane qaama sadaffaan gidduu keenya jiraachuun barbaachisaadha jedha. Mootummaan kana kan raawwatu yoo tahe waraanni keenyas dhukaasa dhaabuun mari'achuu dandeenya jedhe Marroon. Abbootii Gadaa, jaarsolii biyyaafi namootni siyaasaas waraana hidhatee jiru gara qabsoo nagaatti deebisna jechuun waamicha taasisaa turan. Haatahu malee, maaliif yeroo sana milkaa'uu dhabe kan jedhu irratti Marroon jaarsoliin biyyaa dhufanii nu bira gahanii waliin mari'annee deebi'an jiru jedhe. Isaan waliin mootummaa irraa maal barbaanna? Maaltus guutamuu qaba kan jedhuufi akkamiin waldhabdee jiru hiikuu dandeenya kan jedhu irratti waliin dubbannee deebi'an jedha. Garee biraan ammoo osoo dhufanii nu bira hin gahiin reebamne, saamamne jedhaatii deebi'aa jedhamuun, akkasitti deebi'an jedhe. Jaarroleen nu waliin mari'atan deemanii mootummaaf gabaasa akka godhaniifi uummataaf ibsan waliigallus ergasii akka dhorkaman dhageenye jedhe Marroon. Mootummaan karaa nagaa mari'achuuf maaliif sodaata? jechuun gaafata Marroon. Jaarsolii waraana kana waliin mari'atan keessaa manguddoo BBC'n dubbise tokko nageenyumaan marii milkaa'aa gaggeesinee kabajaan galle jedhanii ture. Koreen teeknikaa karaa araaraa osoo hin taane karaa dhoksaati waraana deebisuuf kan yaalan kan jedhu Marroon, osoo karaa nagaa akkuma eegalame itti fufeera tahe nagaan bu'uu danda'a ture jedha. Miseensotni WBO waamicha koree teeknikaa yeroo sana hundaa'een deebi'an leenjii haaromsaa galuun gariin gara Poolisii Oromiyaatti makamuu himamaa ture.
oduu-46969339
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46969339
Pirezidaantiin Sudaan Omar al-Bashiir Qaxar daawwachaa jiru
Pirezidaantiin Sudaan Omar Hasan al-Bashiir Qaxar daawwachaa jiru.
Mormii mootummaarratti ji'a darbe keessa eegaleen raafamaa kan jirtu Sudaan nageenya mirkaneessuufi diinagdee dandamachiisuun mootummaa biyyattiif qormaata ta'eera. Pirezidanti al-Bashiris kanumaaf furmaata barbaaduuf gara biyya Arabaatti qajeeluu xiinxaltoonni dubbatu. Akka aanga'oonni Sudaan jedhanitti Obbo al-Bashir akkaataa gara dhiha Daarfuuritti nageenya mirkaneessuun danda'amurratti ni mari'atu, xiinxaltoonni diinagdee garuu diinagdeesaanii laamsha'ee jiruuf furmaata barbaacha deeman jechaa jiru. Hookkarri Sudaan keessatti ji'ootaaf ture daballii gatii daabboo fi boba'aarraa mormuutiin eegale. Boodarra malli furmaataa dhibnaan hiriirtonni mootummaa mormuu eegalan. Mufiin ummanni hanqina diinagdee isa mudateen agarsiise deebii ga'aa dhabuunsaa lubbuu hedduu galaafateera. Mormitoonni ammaan tana Obbo al-Bashir aangoo haa gadi dhiisan jechuun gaafachaa jiru. Halkan edaa poolisiin mormitoota karaa cufanii fi gommaa karaarratti gubaa turan hiraarsaa turan.
oduu-44251558
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44251558
Bilbila sobaa halkani isin jeequ maaliin ofirraa ittiftu?
Osoo hirriba keessaa sirriitti hin dammaqiin aariidhaan deebistu ta'a, garuu sagaleen maashinaan waraabame kun sagalee 'roobootiidhaan' waan isin jettan osoo hin dhageeffatiin irra deddeebi'ee isin jeeqa. Rakkoon 'robollamanda' isin qunnamee beekaa?
Waamicha hin beekamne 'Sagalee waamicha roobootii' afaan Ingiliziitiin ('robocalla') jedhama. Kun akkuma ergaan sobaa karaa toora iimeelii keenyaan nutti ergamu, sagalee sobaa karaa bilbila keenyaa nutti ergamuudha. Dhaabbileen baayyeen kana hojjetan kan seeraan galmaa'an ta'anis fakkeenyaaf, paartiiwwan siyaasaa yeroo duula filannoo Kanaadaa ykn Ameerikaa irraa, beeksisaawwan daandiiwwan xiyyaaraa ta'anis dhaabbileen daldalaa hedduun hojii daldalaa keessatti itti fayyadamaa jiru. Akka tasaa guyyaa tokko ykn torban tokko keessatti yeroo baayye irra deddeebi'anii isiniif bilbiluu danda'u. Kampaanonni tokko tokko diskii daqiiqaa tokko keessatti si'a kumaan lakkaa'aamu kan baayyee teeleemaarkerii caalu fayyadamu. Yeroo tokko tokko lakoofsa hin mullanne fayyadamu, yeroo tokko tokko ammoo lakkoofsa sobaa ykn lakkoofsota dhugaa kan nama jalaa hatame osoo abbaan isaa hin beekiin itti fayyadamu. Lakkoofsa hin beekamnerraa waamicha wayita siif dhiyaatu Yeroo baayyee bilbiloota akkasii kana duukaa bu'anii adda baasuun rakkisaadha. Sababiin isaa yeroo baayyee tekinooloojii bakka jiran isaan dhoksuu danda'u fayyadamu. Yoo "robollamada" ykn sagaleen sobaan isin ga'e maal gochuu qabdu. Yoo sagaleen sobaa si ga'e hin deebisin Akka toora warra sagalee sobaa namatti ergan kana keessa hin galle gochuudhaaf waantonni taasifamuu qaban hedduun jiru. Sagalee sobaa ofirraa ittisuuf cufuu dandeessa Filannoowwan shanan ittiin ofirraa ittisan: 1.Lakkoofsota sana arkaan cufuu: Yoo lakkoofsi walfakkaatu yeroo baayyee sitti bilbilama ta'e ofuma keessan ofirraa cufuu ni dandeessu. Yeroo bilbila keessan kan dhiyoo bilbilame keessa ilaaltan, "cufi"/"block" filannoo jedhu ykn lakkoofsicha akka kan "sobaa"/ "spam" ta'e gabaasaa. 2.Dhaabbata tajaajila bilbilaa isiniif dhiyeessu akka eegumsa isiniif taasisuuf gaafadhaa: Baasii addaa kan isin baasisu ta'uu danda'a, garuu yeroo baayyee sagalee sobaan isiniif bilbilamu kanaan bayyee kan rakkattan yoo ta'e baasii baasuu wayya. 3.Appilikeeshiniidhaan eeggannoo ofii taasisaa : YouMail, Nomorobo, RoboKiller, TrueCaller ykn Hiya kanneen jedhaman rakkoo kana hambisuuf qophaa'an. Isaan argachuuf, yeroo baayyee waggaadhaaf isin galmeessu. 4.Bilbila harkaa kan sagalee sobaa namatti ergu adda baasuu danda'u bitadhaa: Moodeloonni Saamsangii ykn Googiliin bilbila kan sobaa ta'uu shakkamu ni akeekkachiisu. 5."Bibila keessan keessaa kan 'hin jeeqiin"/ "do not disturb" filannoo jedhu fayyadamuun namoota yeroo hundaa si qunnaman qofaaf kaasuu ni dandeessu: Andirooyidiifi aayifooniin kana of keessa qabu. Bilbila kee keessaa hin jeeqin kan jedhu tuqi
oduu-52134089
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52134089
Gadduu Andaargaachoo: 'Waan fudhachuu hin dandeenye akka fuudhannuuf dhiibbaan nurratti taasifamaa ture'
Mariin Hidha Guddicha Abbayyaa kan Itoophiyaan ijaaraa jirtuurratti baroota dheeraaf taasifamaa ture hanga ammaatti osoo murtee hin agratiin jira. Mariin bakka Ameerikaafi Baankiin Addunyaa argamaniitti taasifameef abdii guddaan itti kennamee tures akka eegamee osoo hin ta'iin addaan galame.
Walgahicharrattis Itoophiyaan sanada bu'aa kiyyaa miidhaa jettee hin mallatteessu jetteenis akkasumatti rarra'ee hafe. Mariin waashingitaniitti gaggeefaamaa turees kan Masriidhaaf loogee Itoophiyaa irratti ammoo dhiibbaa taasisee akka ture bal'inaan dubbatamaa ture. Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Obboo Gaddu Andaargaachoo marii Suudaan, Masriifi Itoophiyaa jiduutti dhimmicharratti taasifamaa ture ilaalchisuun akkasiin BBC;tti himan. BBC: Mariin biyyoota sadan jidduutti dhimma Abbayyaarratti taasifamaa ture amma sadarkaa maalirratti argama? Obbo Gadduu Andaargaachoo: Mariin Hidha Guddichaa amma gara dhumaa gahaa jira. Adeemsi marii kanaas waggaa salgan harraa wayita ijaarsi Hidha Guddichaa egalamu kan jalqabeedha. Akkuma ijaarsi eegalameen Sudaaniifi Masriin dhimmi isaa nu yaachisu jiraa jechuun gaaffii waan kaasaniif dhibbaan inni biyyoota gara gajjalaatti argaman irratti qabaatu omtu akka hin jirree hubachiisuuf yaallee turre. Itoophiyaan garuu jalqabumaa kaastee karaa of eeggannoo qabuufi ifa ta'een waan eegalteef wayita isaan gaaffii kaasanitti tole jechuun gara mariitti galte. Kana malees, haala nageenyummaa hidhichaarrattis gaaffii kaafnaan, kanuma mirkanneessuuf jecha oggeessoonni biyyoota Awurooppaa kan akka Jarman, Faransaayi, Inglizii, fi Afriikaa Kibbaa, Masrii, Sudaan fi Itoophiyaa irraa babahan akk qorataniif Itoophiyaan qophii ta'uu ishee mirkaneessite. Isaan booda marsaalee adda adaatiin qaamoolee garagaraatiin mariin gaggeefamaa ture. Mariichis yeroo tokko tokko gaarii yoo ta'u, yeroo biraa ammoo osoo adda cituu bara 2018 qaqabe. Baruma sana Fulbaana keessaa walii haammallatteessinu jennaan bakka bu'ootiin Masrii lakkii amma hin mallatteesinu, gara biyyaa gallee mari'annaa jechuun sanadichi dhiisanii deeman. Sababii kanaan ammoo adda cite. Boodas Suudaan keessatti warraaqsi ka'e. Booda keessa ammoo Hagayya 2019 keessa warri Masrii yaada maricha itti fufuuf nu dandeessisu qabna jechuun dhiyaatan. Yaadni isaaniis kan duraa waliin hidhata kan hin qabne ture. Innis Itoophiyaa wabii bishaanii nuuf haa kennitu kan jedhuufi wayita Hidhaa Asiwaan hirratuutti haala itti gutamuurratti waliigalteerra haa geenyu kan jedhu ture. Yaadi kunneenis fudhatam kan hin qabneedha. Kanatti aansuunis Itoophiyaanis, Suudaanis yaada mataasaanii qabachuun Fulbaana 2019 mariin eegalame. Yaada muraasa irratti waliigalamulleen kaan irratti ija walitti baasuun waan dhufeef, aanga'oonni Itoophiyaafi Masrii Rusiyaa-Soochii keessatti wal arguun marii teekinikaa akka itti fufaniif waliigalame. Jidduu kanatti ture kan Ameerikaan marii keessan isin haa gargaarru jechuun gaaffii kan dhiyeessite. Nutis afeerraa nuuf dhiyaanan tole jennee deemne. Kanaanis Ameerikaafi Baankiin Addunyaa gargaaruun biyyoonni sadan garaa garummaa hedduu hiikuun danda'anii ture. Gara dhummaatti garuu, osoo guttummaatti waliigalteerra hin gahamiin, qabxilee muraasa irratti waliif haa mallatteessinu yaada jedhu dhiyyeessan. Nuti ammoo osoo waliigalteerra hin gahamiin dhimma garaagarummaa qaburratti waliif mallatteessuun fudhatama hin qabu jennee itti himne. Kun osoo kanumaan jiruu mariin biraa itti fufe. Ammas ejjannoodhuma walfakkaatu qabanne nuti. Yeroo kana ture Ministirri Maallaqaa Ameerikaa 'Isin walii galuu waan dadhabdaniifuu gargaarsa Baankii Addunyaatiin sanada waliigaltee qopheesseen dhiyeessa' kan jedhe. Nutis 'kun gonkumaa hin ta'u, kan mari'atu nuyi waan taaneef, numatuu mari'achuun hiikuu qaba malee sanada qaamni biraa qopheessee malatteessaa jedhu hin fudhannu,' jenneen. Warri Masrii battalumatti ni fudhanna jedhan. Nuti garuu Ameerikaafi Baankiin Addunyaa nu marsiisuuf malee sanada qopheessuun nuuf dhiyyeessuuf hin turre. Kun kaayyoon ka'umsaa keenyaan faallaadhaa. Mariichi kallattii gadhiiseera. Adeemsa akkasii keessa galu hin dandeenyu,'' jechuun yaada dhiyeessineef. Sababii kanaa amma marichi adda citeera. BBC: Gama Itoophiyaatiin kanaan boodaa marichaan walqabatee maalitu eegama? Obbo Gadduu Andaargaachoo: Nuti mari'atamee waliigalamuun ni danda'ama jennee amanna. Kanaaf ammoo, dhimmi warra Misirirraa eegamu tokkootu jira. Kunis bishaan Abbayyaa qabeenyaa Itoophiyaa, Suudaan fi kan Masrii kan walinii ta'uu hubachuun, Itoophiyaan mirga bishaan kanatti fayyadamuu kan qabdu ta'uu amanuu qabaatu. Isaan booda qaama sadaffaa osoo hin barbaachifne waliigaluun ni danda'ama. Waliigalteerra gahamuun kan hin danda'amne yoo qaamni tokko mirga qaama biraa haaluudha. Keessattuu gama Masriitiin dhaala bara koloneeffannaa sana itti fufsisuuf jecha waliigaltee bara 1959 Suudaan waliin mallatteessaniifi itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa hin taane sana itti fufsiisuu barbaadu. Yaaliin kana itti fufsiisuuf taasisan dhaabbachuu qabaata. Kanaan alatti haala bishaan itti guutamuufi itti gadhiifamuufi dhimmoota kana fakkaatan ilaalchisee hanga marii daangeeffamaan taasifamuun waliigalamuun danda'ameetti, gama Itoophiyaatiin yoomiyyuu karri keeenyaa baanaadha. Qaamni biraa sanada qopheessee isarratti mari'achuu osoo hin taane numti haala fedhii keenya calaqisiisuun tokko tokkoon mari'annee waliigalteerra gahuun ni danda'ama. BBC: Marii kanarratti hirmaannaa Ameerikaafi kan Baankii Addunyaa attamiin gamagamtan isin? Ameerikaan Itoophiyaan akka sanadicha mallatteesituuf dhiibbaa taasisaa turte yaadni jedhu ture, gama kanaan ilaalchi Itoophiyaan qabdu maal? Obbo Gadduu Andaargaachoo: Jalqabarratti warri Ameerikaa tajjabdummaan ejjannoowwan walirraa fagaatanii turan akka walitti dhufan taasiuun nu gargaaraniiru. Kun kan cimu miti. Haata'u malee, adeemsa keessa Ameerikaanonni adeemsichi dafee akka xumuramu barabaadan. Dhimmichis dafee xumuramee argu barbaada. Gama keenyaa ammoo waliigaltee Abbayyaa kanaan dhaloota ammaatiin qofa osoo hin taane, isa dhufuurrattis haala dhiibbaa hin qabaanneen, waliigaltichi of eeggannoon ilaalamuu qabaata jenne amanna. Kan sardame ta'u hin qabaatu. Kana malees, mariicha keessatti abbaa ta'uu kan qabnu biyyota sadan. Kanaaf, dhiibbaa keessan olaanaa nurraan gahuun waliigaltee haqa qabeessa irra akka geenyuuf nu hin geessusuu jechuu keenyatu garaa garummaa uume. Jalqabarratti gama sadeeniinu haala tasgabaa'een mari'atamee carraan itti waliigalteerra gahamu ture. Garuu haala qaxxaamuraatiin dhimmoota nuti gonkumaa fudhachu hin dandeenye akka fudhannuuf dhiibbaa taasisuun itti cimee adeemnaan kun lakkii adeemsa sirrii miti jenneen. Isaan ammoo ejjaannoo waliigaluu qabdu jedhu fudhatan. Gara dhummaatti guutummaatti mootummaa Ameerikaadha jedhee fudhachuu baadhulleen, keessattuu Minisitirri Maallaqaa (head of Treasury Department) dhiibbaansaanii cimaa dhufe. Kun ammoo sirrii miti, fudhatamas hin qabu. BBC: Kanaafuu Ameerikaafi Baankiin Addunyaa mariisisummaatti osoo deebii'anii Itoophiyaan rakkina hin qabdu jechuudhaa? Obbo Gadduu Andaargaachoo:: Mariin gaggeefamu kan kaayyoo irratti hundaa'e haata'u malee, Itoophiyaan kan marisiisu eenyu ta'uuyyu omaa miti. Mariin kunis biyyoota sadan abbaa dhimmaatiin ta'u qabaata. Yaaliin taasifame kan marii bu'a qabeessa ta'erraas nu geessisu miti. Mariin akkas gara fuuladuraatti kan rakkina dhiisee darbu ta'a. Warri kaan nu gargaaruufi nu deeggaruu danda'u, garuu bakka nu bu'uu hin danda'an. BBC: Masriin fedhii bishaan qulqulluu harka 90 kan argattuu bishaan Abbayyaarraati. Kanaaf, hidhichi fedhii bishaanii kiyyakoo balaarra busaa jechuun yaaddoo qabdi. Yaaddoon ishee kun fudhatama hin qabuu? Obbo Gadduu Andaargaachoo: Warri Masrii waliigalte nuti haqa qabeessa miti jenne akka mallatteesinu barabaadu. Nuti ammoo waan dantaa biyyaaleessaa keenya miidhuuf hin mallatteesinu jenneerra. Kan bu'urreeffachuunis duula adda addaa gaggeessa jiru. Dulli kunis fiixaan haa bahuufi haadhiisuun dhimma biraa ta'ee osoo jiru, nuti daandiin isaan qabatan sirrii miti amantaa jedhu qabna. Nuti mari'annee osoo rakkinicha hiikuu dandeenyuu, dhiibbaan dippilomaasii gama adda ddaatiin taasifamuun Itoophiyaan ni mallatteesiti jechuun yaadu yoo ta'u, kun gonkumaa waan hin yaadamneedha. Sababiinsaas Itoophiyaan bu'aa eenyutuu hin tuqne, hin tuqxus Hidhaan kunis ijaaramaa kan jiru Itoophiyaa keessatti. Bishaan Hidha kanaaf kuufamuuf kan Itoophiyaa keessa maddu. Gahee mataashee malee gahee Masrii miti kan kuuftu. Hidhiaankunis kan hiyyeessi osoo hin hafne lammiileen biyyattii gumaachuun ijaaramaa jiruudha. Kanaaf, waliigalteen Hidhaa kan ilaalchisee taasifamu kan dantaa biyyattii walitti fufiinsa qabu mirkanneessuu yoo ta'e malee, dhiimmaa qaama kamiinuu, ykn soodaachisuun kan ta'u miti. Kan wayyuuf obbolaa saanii waliin mar'achuun dhimmicha salphiisuuf yaaluudha. Kaayyoon Itoophiyaa Abbayyaa ajandaa waldhabdee taasisuu miti. Nuti Abbayyaan madda walta'iinsaa akka ta'u barbaadna. Annisaan Hidhaan kun maddisiisuu Itoophiyaa, Suudaan yoo barbaadan Masriifilleen ooluu danda'a. Itoophiyaan biyya dinagdeeshee guddifachuuf yaalaa jirtuudha. Qofaas osoo hin taane biyyoota ollaa waliin guddachuuf fedhii qabdi. Kaayyoo kana keessatti Abbayyaan madda walta'iinsaa akka ta'uudha fedhiin keenya. Sochiin warri Masrii bakkeewwan adda addaatti taasisan bu'aa kan qabu natti hinfakkatu.
oduu-57150814
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57150814
Filannoo Itoophiyaa: Guyyaan filannoo dheereeffamuu Izeemaafi Baaldaraas maal jedhan?
Paartiin Lammiilee Itoophiyaa Haqa Hawaasuummaatiif (Izeemaan) filannoon dheereeffamuun sababa qaba yoo jedhu, paartiin Baaldaraas Dimokokraasii Dhugaatiif (Baaldaraas) boordiichi hojiiwwan guyyoota filannoo itti dheerreessu keessatti raawwatu tarreessuun beeksiisuu qabaata jedhe.
Izeemaafi Baaldaraas Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa haalli hojiiwwaan filannoon dura raawwatamu qaban itti xumuraman waan hinjirreef, filannoonni marsaa 6ffaa biyyaaleessaa yeroo qabameefiitti gaggeessuuf filanniichi torban 2-3n dheereeffamu akka danda'u torban darbe keessa beeksisun ni yaadatama. Naannoo Tigraayiin alatti Caamsaa 29, 2013 naannoolee hundatti Waxabajjii 5'tti ammo Magaalaa Finfinneefi Dire Dhawaatti gaggeeffamuuf karoorri qabamee ture. Boordiin filannoo hojiiwwan loojiistikii harkifachuun sababii walqabateen guyyoota jedhameef dheeressuun akka barbaachise ibsee ture. Paartiin Izeemaatti Itti gaafatamaa sabaa himaa Ummataa Naatinaa'eel Fallaqa, akka ilaalcha keenyaatti 'sababiin guyyaan filannoo ittiin dheereeffame fudhatamaadha' jechuun BBCtti himan. ''Qophiin barbaachisu osoo hinraawwatamne filannoo saffisuun rakkina keessa galuurra yeroo dabalataa fudhachuun hojiiwwan jedhaman xumuruun filannoo gaggeessuun bu'aa fooyya'aa qabaata'' jedhan. Itti gaafatamaan Biiroo Baaldaraas Obbo Galataa Zalaqaa ammo boordiin filannoo filannoo torban 2-3n nan dheereessaa yoo jedhu yeroo sana keessatti hojii maalii akka hojjatu tarreessuun beeksiisu qabaata jedhe. ''Boordiin filannoo filannicha nan dheeressa yoo jedhu maal hojjachuuf akka ta'e beeksiisu qabaata. Ammatti maal hojjataa akka jiruu ifatti kan beekamu hin jiru,'' jedhu Obbo Galataan. ''Boordiin filannoo yeroon barbaada yoo jedhu maaliif barbaade? Eejjannoo jedhu qabna'' jedhan. Paartiin isaanii filannoo keessatti waan hirmaatuuf yeroo yoo dheereeffamuu sababii maaalitiif akka dheereeffamu akkasumas yeroo dheereeffamu keessatti maal akka raawwatu ifatti akka dhiyeessuu barbaadna jedhan. ''Fakkeenyaaf bakkeewwan kanatti rakkina loojistiikiitu na mudate yoo jedhe, hojii hojjatuufi yeroo barbaachisuu ifa yoo taasisee waliigalla,'' jedhan. Obbo Naatinaa'eel filannichi seenaa Itoophiyaa keessatti kan yeroo jalqabaatiif bilisaafi haqa qabeessa ta'ee itti gaggeeffamu jennee waan amannuufi rakkooleen jiraachuu akka danda'an dhimmi paartiinsaanii dursee tilmaameedha jedhan. Itti dabaluunis, ''filannichi dheereeffamunsaa hangas mara ilaalcha filannoorratti qabnu kan geeddaru miti'' jedhaniiru. Filannichi irra deebiin kan dheereeffamu yoo ta'e garuu motummaa ummataan hinfilatamnee aangoorra tursiisuu waan ta'uuf, paartiinsaanii filannichi torbanoota 2-3 booda gaggeeffamu qabaata ejjannoo jedhu qabaachuu dubbatu Obbo Naatinaa'eel. ''Kana caalaa yoo dheereeffamee motummaan ummataan hinfilatamne aangoorraa akka turu taasisa'' jedhan. Boordiin Filannoo Biyaaleessa itoophiyaa filannoo marsaa jahaaffaatiif namoonni miliyoona 50 ta'an ni filatu jedhee akka eeguu ifa taasisuulleen haala lakkoofsa dhiyeenya kana ifa taasifameetti hanga ammaatti filachuuf kan galmaa'ee miliyoona 36'dha. Lammiilee galmaa'uun kaardii fudhatan keessaa miliyoonni 16.6 dubartoota yoo ta'an, miliyoonni 19.5 ammoo dhiiroota. Akka ragaa boordii filannootti Gambeellaa, Finfinnee, Somaaleefi Afaariitti namoota yaadamee olitu galmaa'e. Beenishaalgul Gumuuz ammo jidduugalaan bakka namoonni gadaanaan itti kaardii fudhataniidha jedha ragaan boordicha irraa argame.
oduu-49248135
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49248135
Agarsiifni humna waraanaa Eertiraan Saawaatti taasifte maal akeeka?
Eertiraan torban darbe keessa guyyaa hundeeffama tajaajilli biyyaalessaa itti eegalte waggaa 25ffaa sirna ho'aa ta'een kabajatteetti.
Sirnicha irrattis pirezidaantii biyyatti Obbo Isaayaas Afawarqii dabalatee qondaaltoonni motummaa olaanoon qooda fudhataniiru. Sirnichis qophilee muziqaa, diraamaafi kkf alatti agarsiisa loltummaa irratti mullateera. Haasaa pirezidaantiin biyyattii sirnicha irratti taasisanii ammoo, gumaati tajaajilli biyyaaleessaa guddinaa fi badhaadhina biyyaatiif taasisee olaanaa ta'usaa dubbataniiru. Labsiin biyyaaleessaa biyyattis kanneen sooraman, kanneen rakkina fayyaa qaban, qabsaa'ota duraaniifi dubartoota herumanii dahaniin alatti, lammiin umuriinsaanii waggaa 18 ol ta'e hundi tajaajila biyyaaleessaa loltummaa keessatti baatiiwwan 18f hirmaachu qaba jedha. Haata'u malee, lammiileen biyyattii hedduun haala labsichi jedhu osoo hintaane, waggoota labsichaan kaa'ame caalaa loltummaan tajaajilaa turu ragaale ni eeru. Kunis sababii waldhabdee Eertiraafi Itoophiyaa jidduu ture jedhameera. Ammas yoo ta'e, motummaan eertiraa gama isaatiin hanga Itoophoiyaan lafa isheeetii hinbaaneetti loltoonni isaanii bakkuma jiran akka turan dubbatte jirti. Tibba kabaja sirna kanaattis waa'ee tajaajilichi haaluma labsii kaa'ameetti baatiiwwan 18 akka gaggeefamuuf karoorri jiraachusaa akkasumas waliigalteen biyyoota lamaan ilaalchise taasifame irratti wanti ka'e akka hinjirre dubbatu. Sirni kabajaa biyyatti eddoowwan garaa garaatti taasifamaa ture kunis Kamisa darbe sirna ispoortii aadaa fi meeshaa waraanaa olaanaa dabaalamuun bakka leenjii Saawaatti xumurameera. Agarsiisa kanarrattis taankoonni, hilikoptaroonniifi xiyyaaroonni waraanaa hedduun akkasumas konkolaatonni meeshaa waraanaa fe'an hedduun irratti hirmaataniiru. Bakka agarsiifni loltiummaa itti taasifame kanattis, loltoonnis agarissia oggummaa leenjii loltummaan walqabatan agarsiisaniiru. Agarsiifni kunis bu'aafi dandeettii biyyattiin baroota dheeraaf ijaarte ta'u waltajjicharratti himameera. Biyyattiin haala akkasitiin agrsiisa loltummaa taasisuunsheen walqabatee qaamooleen gaaffii kaasan hindhabamne. Xinxalaan siyaasaafi Daarektarri World Peace Foundation Dr Aleeksi Divaal namoota haalichi gaaffii itti umee keessatti argamu. Walitti bu'insa Gaanfa Afriikaa, haala nageenyaafi ijaarsaa akkasumas biyyoota kufan ilaalchisuun barreeffamoota qo'annoo hadduu kan dhiyeessan Dr Aleeksi Divaal 'agarsiifni loltummaafi hirriirri taasifame keessattu biyya nagaan keessatti babalatee fi tasgaboofte jirtuutti ta'unsaa waan addaati jedhamu danda,'' jedhaniiru. Kanaafis kan akka sababaatti kaasan, haalli adeemsa nageenyaa Itoophiyaa waliin eegalan tibba ammaatti kan itti fufu waan ta'eef. Akkasumas Eertiraan waggoota dheeraaf Sudaan waliin walitti bu'aa turte amma nagaa bufachuunshee, fi pirezidaantiin Suudaan waggoota 30f aangorra turan kufusaaniin walqabate amma biyyattiin bulchiinsa sivilii haaraan ogganamaa kan jirtu yoo ta'u, walitti dhufeenyi Eertiraan biyyoota naannichaa waliin qabdu akka haala haaraatti kan ilaalamu ta'u dubbatu. Dabalataanis, Ertiraan yeroo biyyoota hollaa ishee waliin qofaa osoo hin taane biyyoota Baha Giddu-galeessaa keessumaa Sawud Arabiyaafi UAE waliin haariiroo gaarii qabdi jedhamutti agarsiisa humna lolaa akkasii agarsiisuun barbaachisaa hin turre ejjennoo jedhu qabu. Dr. Aleeksi waan amma Ertiraan gochaa jirtu kana "qalbii hawwachuuf" waggoota kurnan darban keessa adeemsaafi tarsiimoo isheen qabaataa turten ilaalamu akka qabu yaada isaanii kennaniiru. "Waggoota 20 darban tarsiimoon Pirezedaant Isaayyaas Afa-warqii hawwaasa addunyaa biratti qalbii akka hawwatuuf hojjechuu ture. Adeemsi sun ammaa kan hokkaraafi nagaa booressu ture," jedhu. Waggoota dhiyoo as ammoo walitti bu'insi naannoo ture hir'achuu, akkasumas dhiibbaa Arab Imiratis naannoo irratti qaban hir'achaa dhufuun barbaachisummaan Asab hir'achaa waan dhufuuf, kun ammoo na "argaa" Ertiraa ykn kan gaggeessaa ishee keessatti dhiibbaa uumuu danda'a. Asab lola Yaman keessatti gaggeeffamuuf buufata turte. Hayyuun kun itti dabaluudhaan, "Pirezedaanti Isaayyas Afa-warqii michoota isaa waliin qofa osoo hin taane karaa birootiin biyyoota warra Ertiraa barbaadan akka deggertoota Sawud Arabiyaa (Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi Chaayinaa) biratti fudhatamni qaban gadi bu'uu danda'a," jedhan. Walumaa galatti agarsiisni humna waraanaa Pirezedaantichi akka hin dagatamneef ykn bakka Ertiraaf kennamuu maluuf qalbii hawwachuuf jechuun ibsu. Waggaa darbe Pirezedaant Isaayyaas Ministira Muummee Itoophiyaa waliin waliigaltee nageenyaa gara garaa mallatteesanillee, ammas taanaan Pirezedaantichi 'TPLF' waliin waldhabdeen isaanii furmaata hin arganne jedhu Dr. Aleeks. "Yeroo Ministira Muummee Dr. Abiy waliin nagaa buusanitti hoggantoota 'TPLF' warra Ertiraadhaan akka malee dhiphisaa turan kan hadhaba isaan buusan itti fakkaatee ture. Dhugumas ammoo dhiibbaa jijjiirama dhufe waliin walqabatee ga'een 'TPLF' mootummaa giddu-galeessaa keessatti qabdu dadhabeera. Ta'us garuu akka yaadame hin turre. Ummanni Tigiraay ammoo ummata obbolaa ertiraa waliin waliin waliigaltee nagaa taasifame gammachuudhaan simate," jechuudhaan wanta eegameefi kan ta'e ibsu. Hayyuun kun akka jedhanitti, haalli 'TPLF' waliin jiru nagaas, lolas waan hin taaneef Pirezedaantichi cimina isaanii agarsiifachuu fedhuun isaanii dhimma ijoo agarsiisa humna waraanaa sanaati. "Pirezedaanti Isaayyaasiifi nageenyi waraana caalaa qormaata guddaadha. Ummatichi waraanaan jeeqamee jiraachuu isaarra yeroo nagaa argatudha kan ija isaa banatu. Kanaafidha, Pirezedaant Isaayyaas 'ammas humni kiyya akkuma jiruttidha' erga jedhu kan dabarsuu fakkaatu akka natti fakkaatutti," jedhan. Marsariitiin Keenyaatti argamu Z Afrikaanist Infoo jedhamurratti gaazexeessaan Holaand Kaart Liindiyeer gama isaaniitiin, nageenyi bara darbe argame bu'aa ba'ii hedduu keessa darbee akka ta'e yaadachuun,"haala kanaan agarsiisa nagaa gufachiisu gaggeessuun hin barbaachisu. Anaan kan natti fakkaatu waldorgommii aangoo Itoophiyaa keessatti taasifamaa jiru garamitti akka baasu waan eeggataa jiran natti fayyaata," jechuudhaan yaada isaanii kennaniiru. Saawaan [wiirtuu leenjii loltummaa ertiraa] galma ka'eef ga'uuf, kanaan booda dhaabbachuu qaba kan jettuufi Kitaaba Ertiraa irratti xiyyeeffate "I Didn't Do It For You: How the World Used and Abused a small African Nation" kan barreessiste Mikeelaa Roongidha. "Gaanfa Afrikaa keessatti qilleensa nagaan qilleensa'aa waan jiruuf, ertiraan of eegannoodhaan jiraachuu hin qabdu. Dargaggoonni Ertiraa sababii tajaajila loltummaa dhuma hin qabneen biyya isaanii dhiisanii baqataa akka jiran kan guutummaan addunyaa taajjabudha," jetti. Ertiraan Itoophiyaa waliin ngaa buusuun ishee Pirezedaant Isaayyaasiif carraa gaarii akka ta'e kan dubbattu xiinxaltuun kun, ummata Ertiraadhaafis bulchiinsa addaa fiduun isaanirra ture jetti. "Gaggeessitoonni biyyoota lamaanii erga harka walfuudhanii kaasee Ertiraanonni ijoolleen isaanii tajaajila loltummaa keessaa imaammata ittiin bilisa ba'an eeggachaa jiru," jetti Mikeelaa oongis. "Agarsiisa meeshaa waraanaa gurguddaadhaan torban darbe Saawaatti gaggeeffamaa ture kan ilaalle garuu' wanti jijjiirame hin jiru; hunumtuu akkauma tureen itti fufa' yaada jedhu agarsiisa," jetti. Xiinxalaan siyaasaa Ameerikaa Daan Koneelis yaada Mikeelaa waliin waliif ni gala. "Pirezedaant Isaayyaas Afa-warqii erga nagaan Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti uumamee waggaa tokkoo booda ummaticha walitti qabee garaa boqonnaa siyaasaa biraati ceesisuu qaba ture," jedhe xiinxlaan siyaasaa kun ammoo. Haata'u malee, siyaasni Pirezedaantichaa gara kamittiyyu akka hin sochoone kan agarsiisu haala waraanni hin jirre keessatti agarsiisa humna waraanaa ol-aanaa dhiyeenyatti agarsiisuu isaati. "Siyaasa durii keessatti hordamanii kan hafan fakkaata. Agrsiisni waraanaa meeshaa gurguddaatiin deggerame nagaa Gaanfa Afrikaa dhiphisuu waan danda'uuf itti yaadamuu qaba ture," jechuudhaan yaada isaa ibsata. "Agarsiifni humna waraanaa dargaggoonni Ertiraa hangam cimina akka qaban kan agarsiise ta'ullee agarsiifni meeshaa waraanaa nama jeeqa," jedhe. Hayyuun nagaafi walitti bu'insa qoratu Piroofesar Tiroonvool Jeetil gama isaatiin, tajaajilli waraanaa tokkumma ijaaruu keessatti faayidaa guddaa qabaatus kaayyoo isaa irraa akka hin maqneef haala itti gaafatama qabuun hojiirra ooluu qaba jechuun gorsu. "Qorannoowwan gaggeeffaman akka agarsiisanitti sababiin ijoon lammileen Ertiraa biyyaa itti baqatan tajaajila biyyaalessaa dhuma hin qabnedha. Tajaajilli biyyaalessaa egeree dargaggootaa baayyee kan itti dukkaneessu waan ta'eef biyyaa isaaanii ijaaruu caalaa gara biyya alaatti godaanaa jiru," jedhe. Walumaa galatti jedhan hayyuun kun agarsiisni humna waraanaa humna garsiisuufi Pirezedaant Isaayyaas, "akkuman humna koo qabadhettan jira jechuu waan barbaadan fakkaata," jedha.