id
stringlengths
8
17
url
stringlengths
40
49
title
stringlengths
21
147
summary
stringlengths
21
777
text
stringlengths
264
23.2k
48591516
https://www.bbc.com/afaanoromoo/48591516
DRC tti weerara dhibee Gifiraan namoonnii kuma lamatti siiqan du'an
Dimookraatiik Ripaablik Koongoon weerarri dhibee gifiraa dhalachuu labsite.
Biyyi dhibee ajjeesaa hamaa ta'e Iboolaan dararaa argaa baate kun erga barri kun eegalee as mallattoon dhibee Gifiraa namoota 87,000 ta'an irratti mil'ateera jetti karaa Ministeera Fayyaa ishee. DRC'tti namoonni Ibooolaan du'an 1000 caalan 'Lolaan malee saalqunnamtiin hin ta'u'- Amala dhiirummaa isa hamaa Bulchiinsota biyyattii 26 keessaa bakki weerarri kun hin geenye sadii qofa. Gifirri dhibee saffisaan daddarbu ta'uus talaalliin ittisuun ni danda'ama. Haga ammaatti erga barrii kun galee namoonni 1,500 ta'an sababa dhibee kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru. Hedduun isaanii daa'imman waggaa shanii gadi jedhameera. Labsiin yaaddoo weerara kanaa Wiixata labsame. Namoonni sagantaa talaallii biyyattii keessa hojjetan tamsa'ina dhibee kanaa to'achuuf maallaqa sassaabuutti jiiru. Gareen deeggartoota fayyaa Doctors Without Borders erga bara 2010-2011 dhibeen kun lubbuu hedduu galaafatee as inni alanaa kunis hammaataa ta'uu mala jechuun yaaddoo qabu ibseera. Oduu biraan manneen hidhaa biyyattii keessatti ji'a tokko keessatti hidhamtootni 40 lubbuun darbeera. Haalli manneen amala sirreessaa biyyattii hammaataa ta'uu if hidhamtootni nyaata dhabuun rakkachaa akka jiran quuqamtootni mirga namooma biyyattii ni himu.
oduu-54611685
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54611685
Haqa: Dhimma dhukkuba ijaa Obbo Baqqalaa Garbaarratti maaltu jedhame?
Maatiin Obbo Baqalaa Garbaa dhukkubbii ijasaatiif yaala dhabuun yaaddoo guddaa nutti umeera yoo jedhan, Abbaan Alangaa Waliigala Federeaalaa ammoo namni shakkamee harka mootummaa jiruu yoo dhukkubsatutti mana yaalaa geeffamee yaalamuuf mirga qabaachuufi mootummaanis kana raawwachisuuf dirqama qabaachu BBC'tti himan.
Obbo Baqalaa Garbaa aanga'oota siyaasaa Oromoo hookkara ajjeechaa aartisti Haacaaluu Hundeessaatiin booda umameen walqabatee shakkamuun to'annoo jala oolfaman keessaa tokko. Tibba kana miidiyaa hawaasummaa irratti dhimmi dhukkubbii ijaa Obbo Baqqalaa Garbaa ajandaa ijoo ta'ee jira. Maatiin maal jedhuu? Haati warraa Obbo Baqqalaa Aadde Haannaa Raggaasaa, iji abbaa warraa isaanii dhukkubsachuu kan jalqabe yeroo gara wagga 7 ta'uuf mana hidhaa keessa turanitti jedhu. "Jalqabas manuma hidhaatti kan jalqabe dhukkubuu. Yeroo sanans manuma hidhaatii deddeebi'ee yaalama ture," jedhan. Iji isaanii kan dhukkubsate isa gara bitaa ta'uufi marroo amma hidhaman kanatti yaala akka hin hordofne waan godhameef iji isaanii harka 50'n arguu akka dadhabe himan aadde Haannaan. "Amma yaala dhowwatanii rakkisaa jiru. Akka hakiimni itti himetti iji isaa kuni humna arguu qaburraa harka 50'n hir'iseera nuun jedhe. Kanaafis marfee/lilmoo ji'a ji'aan fudhatu akka adda hin kunne itti himamee ture. Guyyaa beellamni yaalaa isaa suni gahutti garuu hayyamuufii didan," jedhan. Lilmoon isaan ji'a ji'aan fudhatan kuni haalaan ulfaataa akka ta'eefi haguma ji'a eegee hin fudhanne dandeettiin arguu isaa kuni gadi bu'aa akka deemus himan. Ajaja manni murtii kenne irratti mana yaalaa dhuunfaatti haa yaalamu kan jedhu nan geenye jechuun manni amala sirreessaa qaalliittii akka dides dubbatu. Haalli kunis maatii yaaddoo keessa seensuus Aadde Haannaan BBCtti himaniiru. "Dhukkubni kun ulfaataa akka ta'e kan mul'isu lilmoon ji'a ji'aan fudhatu kuni ijasaa keessa kan waraannatu. Guyyaa guyyaadhaan yeroo dhaqne kan nuti isa gaafannu isuma kana. Baayyee yaaddoo guddaa keessa jirras," jedhan. Yeroo beellama eegee fudhatetti dandeettiin arguu isaa akka fooyya'uufi osoo hin fudhatiin yeroo darbutti ammoo akka gadi bu'u natti himaa tures jedhu Aadde Haannaan. Abookaatoon dhimma kanarratti maala jedhu? Abukaatoowwan isaanii keessaa tokko kan tahan Obbo Tuulii Baayisaa, Obbo Baqqalaan yeroo dhimmi isaanii mana murtii Federaalaa sadarkaa jalqabaatti ilaalamaa tureetti ija isaanii mana yaala dhuunfaatti yaalamuu akka danda'an ajajeefii turuu himan. Erga gara mana hidhaa Qaallittiitti darbanii garuu bulchiinsi mana sirreessichaa sababa ajajni mana murtii nan geenye jedhuun yaala akka argataniif hayyama dhorkachuu himan. Obbo Baqqalaafi namootni isaan wajjin himataman beellamni mana murtiitti dhiyaatan baatii tokkoon booda gaafa Sadaasa 17tti. Hanga sanatti rakkoo isaan irra gahaa jiru kana mana murtiitti dhiheefachuu waan hin dandeenyeef jecha Abukaatonni isaanii rakkoo maamila isaanirra gahaa jiru kana xalayaadhaan mana murtii dhimma isaanii itti ilaalamaa jirutti iyyachuuf akka jiranis himan. "Manni murtii hakiima dhuunfaa isaaniitiin haa yaalaman kan jedhu ajajee jira. Isa kana manni sirreessaa raawwachiisaa hin jiru. Kanaafuu, ajajni mana murtii kabajamaa hin jiru jennee abukaatonni iyyata dhiheesuuf jirra," jedhan. Obbo Baqqalaa Garbaatiin alattis kanneen isaan wajjin himataman Obbo Shamsaddiin Xahaafi Hamzaa Adaanee (Booranaa) yaalii argachuuf rakkachaa jiraachuu himan. Abbaan Alangaa Waliigala Federaalaa dhimmicha qubba qabaa? Dhimma kanarratti kan gaafanne itti-aanaa Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, Obbo Baqqalaa Garbaa ija isaanii dhukkubsatanii yaala dhabaniiru kan jedhu miidiyaa Hawaasummaa irrattin arge malee odeefannoo gara waajjira isaanii dhufe hin jiru jedhan. "Dhimma kana homaa quba hin qabu. Miidiyaa hawaasummaa irrattin arge. Waajjirri keenya abbootii alangaa mirga shakkamtootaa laalan ni qabna. Amma erga dhimma kana dhageenyee isaan qindeesinee garas ergaa jirras," jedhan. Namni shakkamee harka mootummaa jiru yeroo dhukkubsatutti mana yaalaa geeffamee yaalamuuf mirga qabaachuufi mootummaan waan kana raawwachiisuufis dirqama qabas jedhan. "Bakka manni murtii shakkamaan suni yaala fayyaa akka argatuuf ajajetti mirga kana dhorkachuun yakka. Namni kana godhe seeraan ni gaafatama. Yakka ta'ee argamnaan himanni irratti banamee itti-gaafatamummaa ni hordofsiisa," jedhan.
oduu-56926733
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56926733
Dubartoonni attamiin loltoota sababa midhaamaan saalqunnamtii dadhaban akka itti wallaanan
Wal'aansi nama sababii miidhamaatiin saalqunammtii raawwachuu hindandeenyeef dubartiin akka hiriyaa quunnamtii saalaa ta'uun gargaatuuf qacaramtu (surrogate sex therapy)n biyyoota hedduu kessatti baratamaa miti, sirumaayyu walfamisiisaadha.
Wal'aansi akkanaa keessuumaa kan dhiiroota adda waraanaa irratti miidhamaniif taasifamu kun haadha warraatiin alatti dubartoota biraatuu tajaajila kana akka kennan taasifama. Biyya Israa'elitti garuu loltoota hedduu mada'aaniifi fedhiifin saalqunnamtii raawwachuu danda'uun isaanii akka bayyanatu barbaadan mootummaan baasii barbaachisu kaffalee dubartoota loltoota mada'aaniif qacaraaf jira. Kutaan gorsaa saalqunnamtiin Telaavivitti gorsituuna dhimmi saalqunnamtii ogummaa kan kennitu Dr Roniit Alonii namoota rakkoo saalqunnamtiin walqabatuuf gorsa gaafatan deeggarti. Maamila Dr Aloniif soofaan irraa taa'amu xiqqaan fi diyaagiraamiin qaama saalaa dhiiraafi dhala ibsuuf itti gargaaramtu ni jiru. Kutaa ollasheetti argamu siree soofaafi dungoo qabsiifame qabu keessatti waanti raawwate caalaatti aja'ibsiisaadha. Iddoon sun bakka hiriyoonni maallaqni kaffalameefi mamiltoota Alonii muraasa hiriyummaa jaalalaa qabaatanii fi maayirratti saalqunnamtii akkatti raawwatan barsiisuun gargaaranidha. ''Iddoon kun akka hoteelas miti, manneen akka apartamaati,''jette Aloniin. Sireen jira, iddoo CD itti banamu, iddoon dhaqna itti dhiqamuu fi dhaabni mana fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii dadammaqsaniin miidhagfameera. ''Gorsi saalqunnamtiin baay'een isaa kan namoota gaa'ilaan walitti hidhamaniti, yoo hiriyaa hin qabaanne adeemsicha xumuruu hin dandeessu,''jette. Itti fufuun akkas jette, ''hiriyoonni qacaraman dhiirri/dubartiin nama hiriyaa ta'aniif qooda hiriyaa bakka bu'u qabatu,''jette. Warri qeeqan Qeextonni garuu hiriyaa saalqunnamtii qacaruu akka daldalaa saalqunnamtii ilaalu., Israa'elitti immoo mootummaan baasii barbaachisu loltoota mada'aanii saalqunnamtii raawwachuu dadhaban garaagaruun amma tokko baratamaa dhufeera. Digrii doktoreeti ishee saalqunnamtii bayyanachiisuun irratti kan hojjatte Aloniin. ''Namoonni kan barbaadan nama ta'e wayii gammachisuun, achumaan nama wayirraa gammachuu argachuu fedhu,'' jetti Aloniin, ''Namoonni gorsaaf dhufu,gammachuu argachuuf miti, daldala saalqunnamtiin(prostitution)waantiin walfakkeessu homtuu hin jiru,''jettee cimsite dubbatte. ''Turtii kana keessatti gorsi ogummaa kennamu %85 kan ta'u waa'ee haalaan walitti shiiquun hiriyyummaa uumuu, qaaman wal tuttuquu, waliin haasa'uufaadha. Kana malees, akkaataa namoota biroo wajjin walitti dhiyaatanillee ni baratama. Kun ta'ee booda hariiroo saalqunnamtii raawwachuurra yeroo geessu, xumura adeemsa wallaansa kanaa ta'a jechuudha. Hiriyummaa saalqunnamtii irra qaqqabuun adeemsa isa xumurati.'' Odeessaalee dhimma kana waliin walqabatan: Loltuun Israa'el duraanii maqaa 'Aab A' jedhuun waamamu barbaadu tokko, loltoota gara jalqabaa Ministeerri Ittisaa Israa'el hiriyaa saalqunnamtii akka argatuuf maallaqa kaffaleef keessa jira. Waggaa 30tti dhiyaatu dura humna eeggataa waraana Israa'el wayita turetti balaan jireenyasaa jijjiree isa mudatee ture. Aab A'n iddoo olka'iinsa qaburraa kufee mudhii gaditti laamsha'e. Sana booda akka duraan yeroo fayyaa qabuutti saalqunnamtii raawwachuu dadhabe. ''Wayitan miidhamettiadaa'etti waantan raawwachuu qabu jedheen tarreeffadhe jiru turan., Isaanis; dhaqna koo ofiin dhiqachuu, soorachuu, ofii kootii huccuu uffachuu, konkolaataa konkolaachisuu fi saalqunnamtii of danda'ee raawwachuun qaba jedheen tarreesse.,'' Aab A'n duraanuu fuudhee ijoollee horateera, garuu haati warra isaa waa'ee saalqunnamtii hakiimotaa fi gorsitootatti haasa'uu isaatti hin gammaddu., Kanaafuu Aloniin akka gorsa ogummaa gaafatu jajjabeessaa turte. Aab A'n akka itti Aloniin kallattii qabsiiftu, duubdeebii isaafi hiriyaa akka gargaartuu saalqunnamtii taatee isaaf qacaramteefis kennamu ibseera. ''Jalqabarraa eeegalta; bakka kana tuqxa, iddoo sana xuqxa, sana booda tartiibaan amma sadarkaa xumuraa saalqunnamtiin gammachuu argattutti itti fufta,'' jedha. Aab A'n akkuma miidhama isaa biroorraa isarra ga'eef akka akka wayyaa'uuf baasii ramadu sana, moootummaan maallaqa kaaffalee, barnoota bayyanachiisa saalqunnamtii inni torban torbaniin argatuuf maallaqa kaffaluun isaa sirriidha jedheetu amana. Yeroo ammaatti sagantaa wal'aansa ksana akka argatuuf ji'a sadiitti baasiin $5,400 kaaffalamaafi jira. ''Jireenya uu koo keessatti nama akka hiriyaa saalqunnamtiitti namaaf qacaramtu hawwuun qacaramte barbaaduun galma koo jalqabaa hin turre. Haa ta'utii amma waanan n qaamaa miidhameefra gama hundaan , Jiruukoo gama hundaan garuu bayyanachuun waan nan barbaachisuuf ta'eda,''jedhe Aab A'n teenisii minjaalaa taphachuuf wilchariidhaan garasitti imalaa wayita turetti. ''Hiriyaa wallaansa saalqunnamtiif isaaf qacaramte wajjin jaalala keessatti hin kufu,. Ani fuudheera/warroomeera. Innis tooftaa qorannoo galma yaadame biraan ittiin gahamudha.qaqqabamudha. Kanaaf, akka waan yaadame bira gahuuf raawwachuu qabuttin fudhadha,'' Aab A'n ilaalcha saalqunnamtiirratti warreen biyyoota lixaa biratti beekamu akka sirriin miti jedhee balaaleffate. ''Saalqunnamtiin wanta jireenyaa gola jiruu keessatti nama barbaachisan keessaa isaa tokkodha. Waan jireenya namaa gammachiisudhas,, jireenyatti quufudhas" jedhe. ''Kana jechuun garuu Kasanovaa ta'uun narraa hin eegamu, dhimmichi kana miti,'' jedhe Aab. Kasanovaan nama jaalalleewwan dubartoota heddu horachuun saalqunnamtii raawwachuun maqaan isaa himamu. Namoonni hedduun umrii fi eenyummaa garaa garaa qaban hedduun kilinika Alonitti dabaree dabareen yaa'u. Namoonni hedduun hiriyummaa jaalala keessatti jaalala uumuun dhimma walqabatu ykn dhiphina ykn haleellaa saalqunnamtii isaan irraa qaqqabeen dararamu. Namoonni kaan isaaniimmoo rakkoo sammuu fi qaamaa kanneen qabaniidha. Aloniin garuu erga hojiishee eegaltee maamiltoota ishee kanneen miidhama qaamaa qabanirratti xiyyeeffattetti. Abbaa Alonii dabalatee firoottan dhiyoon Alonii hedduun isaanii miidhamaa qaamaa qabu. Abbaan ishee balaliisaa xiyyaara kan turan yoo ta'u, balaa xiyyaaraatiin sammuun abbaashee madaa'ee ture. "''Jireenya koo guutuu namoota miidhama qaama deeggaruun cinaa isaanii dhaabadhee gore, miidhama qaamaa garaa garaa akka injfatan deeggaraan ture,"''jetti Aloniin. Aloniin akka jettutti, namoonni miidhama qaamaa qaban hundisaanii miidhamasaaniirraa wayya'aanii abdii horataniiru. Dr Alonii Niwyorkitti wayita barattu hiriyaa qaama miidhamtoota ta'ee nama hojjatu tokko wajjin wal bartee turte. Gaafa Isaraa'litti bara 1980 keessa deebitu hiriyaa qacaraman fayyadamuun namoonni miidhama qaban gidduigaleessa amantii Kibbutiz jedhamutti akka deeggaruun beekamtoota seeraa Jiwishoota barsiisan biratti fudhatama argatte. Beektoonni Jiwishootaa kun seera qabu- Namni hin fuune ykn hin heerumne hiriyaa ta'uu danda'a jedha., Aloniin seera kana hordoftee hojjatti. Turtii yeroo keessa garuu qondaaltota Israa'elirraa fudhatama argattetti. Namoota 1,000 guutan kanneen gorsa saalqunnamtiin walqabatu kilinka isheetti argatan keessaa harki caalan loltoota soorama bahaniidha. Loltonni kunneen baay'een isaanii mada'uu sammuu fi lafee dugdaaispaayinaalkoordii kanneen qabanii fi mootummaan Israa'el maallaqan deeggarudha.. Aloniin akka jettutti, aadaan Israa'el maatiirratti bu'uureffachuu fi ilaalchi biyyattiin loltoota biyyattii tajlaajilaaniif qabdu hojiicha akkan hojjadhu na tumseera jetti. Israa'elitti namni umriin ganna 18 guute harki caalu tajaajila loltummaa akka kennaniif waamamuun, akka loltuu humna eeggataatti amma umrii ga'eessummaatti itti fufuu danda'u. "Israa'el erga biyya taatee hundooftee yeroo hundumaa waraana keessaa jirra." '' Lammiin Israa'el kamillee taanaan namoonni qaamaa miidhaman ykn du'an eenyu akka ta'an ni beeku., Kkanaaf, namoota miidhaman kanneen hirphudha. Isaan gargaaruuf dirqama qabna jennee yaadna,'' jette. Kun otoo haala kanaan jiruu, namticha dheeraa umriin ganna 40, boroo isaa wirtuu Israa'elitti argamu keessatti uffata qorraa tafarra buufate taa'aa ture. Namtichi maqaan isaa Deevid jedhamu kun loltuu waraana Israa'el fi Libanoon giddutti bara 2006 gaggeeffamarratti miidhamee ture. Halaalarraa wayita Deevid waamnu, bakkaa bakkatti socho'uu qofa mitii, dubbachullee hin danda'u ture. Deevid nama qacarame isa gargaartu tokkotu harkasaa isaa qabdee, qalamaan gabatee adiirratti akka barreessuu gargaara. ''Ani akkuma kaaniin fayyaan ture. ture. Baha fagooorraan gara Israa'elitti deebi'e, Yunvarsiitiin baradhan ture., Mana dhugaatiis hojjadheera. Dur ispoorti hojjachuu fi hiriyoota waliin taphachuun jaaladhan ture,'' jedhe Deevid. Wayita Ccibiraan waraanasaanii haleelamutti, miilaafi mataan isaa miidhamee, sana booda ganna sadiif hospitaalaatti wala'anamaa ture. Yeroo sanatti jiraachuuf abdii kutadheen ture jedhe. Haalli inni keessa ture kan geeddarame garuu namni isa gargaartu hiriyaa saalqunnamtii akka horatu yaada dhiyeessiteefi turte. "''Yeroon gorsa hiriyaa argachuu eegaletti, akka nama injifatameetti of ilaale, homaa hiika akkan hin qabne qabneetti of ilaaleen ture. Gorsa argadhe keessattin akka namaa, dargaggeessa bareedaa tokkootti of ilaaluun eegale,"'' jedhe Deevid. ''Wayitan madaa'eerraa jalqabee yeroo jalqabaaf miirri kun natti dhaga'ame. Gorsi sun ciminaa fi abdii naa laate,'' jedhe. Hiriyummaan jaalalaa Deevid eegale isa kana ture, taatullee akka umrii dheertu hin qabne beeka, gaaf ta'e tokko akka goolabamu ni beeka. Kanaafuu, carraan miirrisaa jeeqamuu isa mudataa laata? "Jalqabarratti natti cimee ture, sSababnisaammoo hiriyaan sanarra waa hundumaan eege ture," jedhe. ''Taatullee yoo hiriyummaan keenya hafe michuu gaarii waliif ta'uu akka dandeenyu boodarran hubadhe., Isa kanatu gatii qaba. Kun akka irra deddeebitee of ijaartu si gargaara," jedhe. Daviid fi hiriyaan isaaf qacaramte akkuma gorsi saalqunnamtiirratti argatan akkuma goolabameen akka waliin turuu danda'an Kilinikiin Dr Alonii eeyyameef jira. Namoonni Deeviditti dhiyaatan akka jedhanitti, erga Deevid gorsa sana argatee fooyya'iinsa isaarratti arguu dubbatu. Deevid jiruusaa fulduraa karoorfachurratti xiyyeeffateera. Saalqunnamtiin raawwachuun itti jabaatulle, weerarri Covid-19 eegaluun dura deeggarsa gargaartuu isaatiin alaatti bahee namoota wajjin hariiroo cimsachuu eegalee ture. Hiriyaan isaa Aliyas Serafiinaa jettee of waamtu Dr Roniit Alonii wajjin ganna 10 tti dhiyaatuuf hojjatteetti. Serafiinaan qal'oo, rifeensa gabaabsitee muratte, nama waliin daftee waliin galuuf dandeetti qabdudha. Dhiyeenyatti immoo kitaaba muxannoo ishee seenessu maxxxansiteetti. Mata-duree kitaabichaa 'More than a Sex Surrogate' kan jedhu yoo ta'u, kKitaabicha keessatti yaadannoo jaalalaa kan addaatti qabdu, iccitii fi akka itti nuti wal jaalanne,''jedhu ibsiteetti. Searafiinaan akkuma hiriyoota kilinika Telaa AAviiv wajjin hojjatan biroo hojii biraa qabdi. Hojii aartiin walqabatu kan qabdu wayita ta'u, ofittoo ta'uu hin feene jette gita hojii kanas akka hojjattu himteetti. ''Namoonni haala kanaan rakkatan hundisaanii iccitii dhokataa hedduu qabatanii deemu, Isaan gargaaruu kaniin barbaadeef akka dandeettii akkasii qabaachaa ture waaneegan beekufi,"''jette Seerafiinaan. ''Adeemsa wal'aansa sana keessatti saalqunnamtii gochuu yaada jedhus hin mormu, ykn qaama koo tuttuquun rakkoo hin qabu," jette. Barnoonni saalqunnamtiin walqabatu natti tola jetti wayita haasoftu. Serafiinaan akka, ''nama kallattii imalaa qajeelchutti" of ibsiti. Maamila ishee imala beektuurratti akka qajeelchitu haasofti. Serafiinaan walumaagalatti maamilota 40'f ta'aniif hiriyaa taatetti, garuu miidhamni Deevid addatti akka ishee rakkise kaafte. Serafiinaan akka itti Deevid waliin dhuunfaan waliin haasa'uun gargaaru dandeessuu barteetti. ''Deevid hedduu miidhame, dhimmisaa otoo gammojjii keessaa deemtuu kallattii itti deemtu akka nama hin beekneeti," jetti. ''Bakka tokkoo gara biryyaatti socho'uun tasumaa hin danda'u waan ta'eef, nama kalaqaa cimtuu ta'uutu narra ture, Yeroo inni socho'uu qaba jedhee yaade qaamasaan bakkaa tokko gara biraatti sochoosa. Miirri qaamasaatti ni dhagama garuu qaama isaa sochoosuu hin danda'u. ''Yeroo hundumaa; iIsheen otoon homaa hin dubbatiin waantan barbaadu bareechite/sirnaan beekti jedha, kanaaf baayyeen gammada," jetti. Serafiinaan hiriyummaan qacaramtee wayita hojjattu kanatti garuu hiriyaa dhiiraa hojii ishee kana simate baafatteetti. Haata'u malee, dubartoonnii fi dhiroonni hiriyummaan qacaramaanii hojjatan warroomanii ykn jaalallee dhuunfasaanii filachuun hojiicha dhiisan akka beektu himteetti. Serafiinaan akka jettutti, maamila ishee wajjin walitti dhiyeenyi cimaa erga horanne booda 'nagaan turi'jedhee biraa bahuun barbaada garuu ni jabaata jetti. ''Addaan bahuun akka boqonnaaf bahuuti, cCarraa hariiroo ajaa'iba ta'e yeroo gabaabaaf uummachuu qabnu jetti. Nama kamiyyuu wajjin gammachuun wal hiikna. Yeroo tokko tokko nan booha garuu yeroo walfakkaatutti nan gammadas jetti. Namni kamiyyu hiriyaa qabaachuu ykn daa'ima qabaachuu ykn warroomuu wayitan dhaga'u hedduun gammada,waanin hojjadhetti nan gammada jetti. Roniit Alonii gama toora intarneetiin gartuu ogeeyyii dhimma saalqunnamtii Awurooppaa amma Ameerikaa Kibbaatti jiran barsiisfti. Hiriyaan saalqunnamtii rakkoo saalqunnamtiin wal qabatu furuuf gorsa xiinsammuu baratame caala milka'aa akka ta'e qorannoowwan gaggeeffaman eeruun ibsiti. Wal'aansi baqaqsanii yaaluu loltoota garmalee mada'aan akka lubbuun akka du'arra hafan gargaaru amanti, akkasuma hiriyummaan saalqunnamtii bal'inaan wal'aansaaf ooluu qaba jettee kaafte. ''Nama miidhame tokko otoo ofitti akka amanu hin taasifne ilaalcha namummaasaanii bayyanachiisuun hin danda'amu," jette. Dhimma saalqunnamtii jireenya keessaa hambisuun hin danda'amu. Baay'ee murteessaa fi dhimma jabaadha., Wirtuu namummaa keenyaati," jette Dr Aloniin.
oduu-43615876
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43615876
Dr. Abiy Ahimad ministira muummee Itoophiyaa ta'uun muudaman
Dr. Abiy Ahimad Ministira mummee Itoophiyaa ta'uun mana maree bakka bu'oota uummataatiin erga raggaasifaman booda haasawa taasisaniin, cee'uumsi aangoo kun carraa boqonnaa seenaa biraa waan ta'eef miira ittigaafatamummaa olaanaan itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.
Ministrira muummichaa Dr Abiyyi Ahimad fi Haayilamaariyaam Dassaalanyi Kanaan duras seenaa biyyattii keessa carraawwan boqonnaa siyaasaa haaraa eegaluu argamanii turan hedduusaanitu haalaan fayyadamu osoo hindanda'amne nu harkaa bahaniiru, jedhaniiru. Waqtiin kunis yeroo itti dogongora keenya darbeerraa barachuun biyya keenya gara sadarkaa fooyya'aatti itti geessinudhas jedhan. Akkuma milkaa'inni hedduun ture, qaawwi atattamaan furamuu qabaatan baay'een akka jiran ni amanna kan jedhan Dr. Abiy Ahimad, uummanni Itoophiyaa uummata seenaa qabudha jedhan. Yaadaan waldhabuun abaarsa miti. Garaa garummaan yaadaa akkuma jiruutti waldhaggeeffachuufi kaayyoorratti hundaa'uun waliigaluun yoo danda'amees garaagarummaan yaadaa eebba nuuf fida. Yaada waldiddaa keessaa falli ni argama. Wal ta'umsi humna. Yeroo tokko taanu ni cimna. Tokkummaan biyya waan ijaaruuf rakkoon hinfurre hin jiraatu, waan biyya ijaarruufuu,'' jedhaniiru Dr Abiyi. Haa ta'u malee, yaadni kiyya qofti fudhatamu malee du'een argama jechuun, biyya bira dabrees, maatii diiga, kan jedhan Dr Abiyyi, Itoophiyaan biyya hunda keenyaa waan taateef sirna ijaarsa dimokraasii sagaleen hunda keenyaa itti dhagahamu cimsinee itti fufna jedhan. Akkasumas, ''Nuti warra bilisummaafi dimokraasii argachui qabnuudha. Kanaafuu biyya kamiyyuu caalaa gaaffiin dimokraasii gaaffii jiraachuu akka ta'eetti amanna,'' jechuun ijjannoo barbaachisummaa dimokraasii irratti qaban kan ibsan. Demookraasiin nuuf wanta haaraa miti, sirna Gadaan bulaa turre ''Dimokiraasiin bilisummaa malee hin yaadamu. Bilisummaan kan dhalootan argatan malee kennaa mootummaan ummataaf kennu miti. Heerri keenyas mirgoota kanneeniif beekkamtii kan kenne yoo ta'u, keessumaa mirgoonni namoomaafi dimookiraasii keessumaa mirga yaada ofii ibsachuufi gurmaa'uu akka heera biyya keenyaatti kabajamuu qabu. Hirmaannaan lammiilees mirkanaa'uu qaba. '' Motummaan tajaajilaa ummataati, kanaafuu ummannis tajaajilaa isaa filachuuf, gaafachuufi qeequuf mirga guutuu qaba jedhaniiru Dr Abiyyi. Keessattuu hirmaannaa dargaggootaa malee biyyattii eessayyu gahuu akka hindandeenye ni hubanna jedhan Dr Abiyi, ''Itoophiyaa biyyaa dargaggootatti abdii uumtu malee kan abdii kutachiiftu akka hintaaneef kan danda'ame hunda hojachuuf waadaa galla,'' jedhaniiru. Akkasumas gaaffiin dargaggootaa kan dinagdee fi fayyadamummaa qofa osoo hin taane, gaaffii dimookiraasii fi haqaatis jennee amanna jedhaniiru. Kana galmaan gahuu irrattis hanqinni ture jedhan. ''Biyyi keenya guddina diinagdee galmeessaa akka turte beekamus, fedhii dhaloota haaraa jijjiiramaa jiru hanga barbaadame garaa gahaa hin turre. Kunis ummanni keenya akka ijibbaatu godheera. '' Kana malees lammilee seerri biyyattii hunda keenyaa haala walqixaan ta'een kan ilaalu ta'u qabaatas kan jedhan ministirichi, kan mirkanneessuf ammoo fooyya'insa barbaachisaa taasisuudhaan hir'inoota jiran gutuuf ni hojjana jedhaniiru. Lammiileen qe'ee isaanirraa buqqa'an ilalachisees dhimmi akkasii lammata akka hin mudanne ni hojjenna jedhan. Lammiilee biyya alaa jiran koottaa biyya misoomsaa jedhaniiru. Waggoota muraasa darban keessaa haala cimina dhabiinsa dimookiraasii biyyattiin walqabateen badiinsii lubbuu lammiileefi qabeenyaarra qaqqabe ture salphaa hinturre. Kanas hundi keenyaa hambisu kan qabnuufi nurra ture. Haala kana keessatti falmattoota mirgaa, namoota siyaasaa fi dargaggoota guddattoota jijjirama barbaachafa jecha karaatti hafan akkasumas maatiifi namoota sababa kanaaf gaddaafi miidhaa qaamaaf saaxilamanif dhiifama onneerraa maddeen gaafadha. Akkasumas kabachiiftoota nageenyaa adeemsa keessa aarsaa kanfalanif kabajaa fi dinqisifannaa qabu ibsuu barbaada, jedhaniiru. Rakkoolee umamaniif furmaata kennuun ummata keenya akka gammachifnuuf waadaan gala, jedhaniiru. Lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyya ambaatti argamtan hundi onneerraa dhiifama walii taasisuun miira walitai'nsa biyyaaleessatiin gara boqonnaa ifaatti waliin akka socha'aniifis waamicha taasisaniiru. Oggantoonni paartilee siyaasa dorgomtootaanis, paartilee ADWUIn alatti argaman kan ilaalu akka mormiitootaa osoo hintaane akka dorgomtootaatti, akka diinaatti osoo hintaanee akka obbooleessaatti, walitti qabaa lammii biyya jaalatuufi yaada filannoo qaba jechuu dhufeetti jedhaniiru. Kanaafuu paartilee siyaasaa yaalii domokiraasii cimsuun dirree yaandi bal'inaan itti kessumeefamu mijeessuu keessatti motummaa waliin akka hojataniif waamicha taasisaniiru. ''Walidiiddaan Eritiraa waliin waggoota dheeraaf ture akka hiikamu ni barbaanna. Waldiddaa ummattoota biyyoota lamaanii bu'aa qofa osoo hintaane dhiigaan illeen walitti hidhama qaban jiddu jiruu karaa mariitiin hiikuuf ni hojjana. Mootummaan Eritiraas tarkaaffii walfakkaatu akka fudhatuuf waamicha kiyyan taasisaaaf,'' jedhaniiru. Gama kaanin, Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ibsa baaseen, filannoo Dr. Abiy akka simatuufi riiformii dimookiraasii fi dinagdee mootummaan saffisaan raawwatuuf jedhu akka deeggaran akkasumas labsii yeroo muddamaa hinkaasa jedhanii akka yaadan ibseera.
oduu-53048787
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53048787
Keetii Sulivaan: Dubartii galaana gajjallaa fi samiirraatti seenaa hojjataa jirtu
Dubartiin hawaarra yeroo jalqabaaf miilaan deemte amma immoo garaa garbaa seenteetti
Mata duree haasaa miidiyaa tahuun waan Keetii Saalliivaan gammachiisee beeku miti. Duabartii Ameerikaa jalqabaa hawaa keessa miilaan deemtee xumuruun bara 1984 keessa maqaanshee kitaaba seenaa irratti galmaa'era. Amma immoo ganna 68'tti garba Paasfiik km 11 yabaluun iddoo gad-bu'aa garba kanaa bira geesseetti. Imallii walii faallaa isheen taasiftu kun jaalala isheen addunyaa kana baruuf qabdu xiyyoo lamaan bakka bu'aafi. ''Ani ijoollummaa koottillee isa dubartiin kana hin gootu jedhan cabseen adeemuufi waa haaraa baruu irratti xiyyeeffadha ture,'' jetti. Bara 1951 Niiw Jeersiitti dhalattee ijoollummaa ishee Kaalifoorniyaatti dabarsite. Abbaan ishee injineera xiyyaaraa yoo tahu, haadha ishee waliin ijoolleen isaanii bilisaan yaada isaanii akka ibsataniifi marii'atan jajjabeessuun ture. ''Maatiin keenya waan baruuf fedhii qabnu hunda irratti nu gargaaru ture.Waanti barbaannu yeroofis haa tahu dhimma jiruu keenya fuulduraaf gargaarus tahu isaan nu bukkee dhaabachuu hin dhiisan,'' jetti Keeliin Ijoollummaatti gaazexaa fi baruullee waa'ee abuurraa odeessan mara ni dubbisti ture.Yeroon sun immoo gareen astiroonootiiwwan Meerkuurii Seveen jedhaman gara hawaatti imalan ture. Sulivaan wayita daa'ima turte ''Namoota kana nan arge hundinuu dhiirota turan,homaa nan dinqine. Namoonni waa baruu barbaadaniifi bu'aa bahii jaalatan iddoo namni kana dura deemee hin beekne ni deemu, ni baratus jedheen amane,'' ''Ijoollummaa kootti maal akkan gochuu barbaadu, waa'ee abjuu koo sirriitti beekuu baadhus, jireenyi koo gaaffii gaafachuu, bu'aa bahii keessa darbuu fi wal dorgommii akka qabaatu nan barbaadan ture,''jetti. Jalqaba afaan biyya alaa barachuun imala jalqabde, digirii immoo jalqabaa saayinsii dachee baratte,yeroos dhiirotatu barnoota kana baay'inaa hordofa ture. ''Yeroos dhiiroti turan dirree keessa dafqaa oolanii dhaqna hin dhiqatan,meeshaalee isaanii qixeessanii hin kaa'an,naamusas hin eegan gatii taheef, ani achi jiraachuun akka waan isaanitti tolu jeequtti ilaalame,'' jetti. Haa tahu malee dubartii tahuu isheetiin qoccollaan saalaa irra gahee akka hin beekneefi piroofeesaroonni yeroos turan hundi akkan hunda danda'uufi waliin akka hojjennuuf na jajjabeessu ture jetti. Suliivaan (mirga irraa lammaffaa) garee dubartootaa qorattoota samii yeroo jalqabaaf gara Naasatti imalan keessaa turte Astiroonootii taheen dachee kana orbiitii ishee irraa arguu ijaan barbaaduuf NASAtti iyyata barnootaa galcheen bara 1978tti filatame. Yeroos dhaabbatichi dubartootni akka astiroonooti tahaniif yeroo jalqabaaf jajjabeessaa ture jetti. Barattoota 35 keessaa jaha filatamuun yeroo jalqabaaf 1983tti gara hawaa imalan. Yeroo sagantaa hawaatti imaluu kanaaf dubartootni kunneen filataman kuula fuulaafi meeshaa qulqullina laguu ittiin eeggatan qophaa'eefii ture. Yeroo jalqabaaf bara 1984tti Saaliivaanis gara hawaa imalte. NASAdhaaf imala isa 13ffaa ture. Bara kanatti xiyyaara hawaatti ergame keessaa bahuun miilaan hawaa keessa deemuun dubartii jalqabaa taate. Miiltoo ishee Deeviid Leestmaa waliin tahuun sirna orbiitii lafaa haaressuun danda'ama yoo taheef dhimma jedhu qoratani. Ergasii si'a lama gara hawaatti imalteetti. Waliigalaan sa'aatii 532 keessa turteetti. ''Hawaa keessa sa'atii sadiif walakkaan deeme. Akka lakkoofsa yeroo hawaatti yoo ilaaltu garuu baayyee gabaabaa dha,'' jetti Saaliivaan.. Sulivaan wallakka namoota afuriitti kan argamtu Suraa osoo Sulivaan tibba imala seena qabeessaa gara hawaatti taasifteetti osoo hojii (extravehicular activity (EVA)) irraa jirtuutti ''Dubartoonni ana booda dhufan adeemsa miilaa hawaa keessaa ulfaataa fi wal xaxaa tahe yoo taasisan yoon argu natti tolas,''jetti Yeroo dhaa yerootti dubartoonni sagantaa hawaa keessatti gama garaagaraan hirmaachuun akka waan guddaatti akka ilaaltu himti.Ammallee danqaa isaan mudatu hunda lolaa bira darbuu qabu jetti. Bara darbe tuutni astiroonotii dubartoota qofa qabu hawaa keessa miilaan imlaniiru. Saaliivaan kana arguusheetti jabinni itti dhagamuu himti. Dubartoota gamasitti imalan keessaa tokko uffannaa lubbuu baraaruuf keewwatan kan Saallivaan bara 1984tti ufftatte keewwatteetu imalte. Saaliivaan bara 1993 NASA gadhiisuun dhaabbata biyyaalessaa garbaafi qilleensaa(NOAA) keessa saayintistii dura buutuu tahuun tajaajiluu jalqabde. Dhaabbata Saayinsii fi Indaastirii biyyattiillee hogganteetti. Yaabala galaanarraa amma isheen taasifte kun kana dura dhiirota lama qofatu yaabale. Tokko loltuu Ameerikaa Doon Waash jedhamu yoo tahu, kaan immoo lammii Siwiizarlaand ture. Kanaan ala daariktara fiilmii Taayitaaniik Jeems Kaameeruun dabalatee qixa galaanaa gadi fagoo kana namoonni qaqqaban baayyee xiqqoo dha. Saallivaadhaan nama yabalaafi abuuraa Veskoovoo jedhamtu gara tujuba garbaa kanaatti akka imaltu ishee affeere. Inni dhuunfaa isaatiin iddoo tujubaa garba paasfiik bira yeroo jalqabaaf qaqqabuu danda'e. Isheetiin immoo dubartiin iddoo gadi fagoo kana arguu qabdi jechuun imeeliidhaan affeereen. Namoota warra jalqaba garba paasfiik kanarra yabalan waliin hiriyyaa tahuu isheetu affeerraa kana argamsiiseef seetee shakkitee turte. Boodarra garuu Veeskoovoon dhuunfaa isaatiin galaanarra akka yabaluu yoo bartu waliigalte. Dilbata darbe Veeskoovoo waliin tujuba garbaa meetira 10,900 fagaatu waliin yabaluun nama saddeettafaa yoo taatu,dubartootaan immoo ishee jalqabaa tahuun seenaa galmeeffamteetti. Imala abjuu fakkaatu jechuun ibsiteetti turtii garba keessatti taasifte.Konkolaataa roobootii isaan waliin galaana gadi fagoo keessa adeemaa ture ilaaluun adda tures jetti. ''Iddoowwan akkasii gahuuf dandeetti qabaachuun keenyi qaama keenya iddoo kana dura jira jennee hin yaadne bira geessuu akka daneenyu baruun waan raajii dha,'' jetti. Sullivan (left) was administrator of the NOAA under President Obama ''Uffatuma guyyuu keewwannuu keewwannee turre,tujuba galaanaa faana 31,000 gad dhooqatu keessatti gaafa dilbataa laaqana keenya sooranneerra,''jetti. Dhaabbatni yabala kana qopheesse buufata hawaa irraa gara iddoo dhooqaa garba kanaa akka bilbilamu taasisuun fiixee lamaan kana wal quunnamsiisuu danda'eera. Dhaabbata dhuunfaa Veeskoovoo gara garaa garbaatti yabalaeefi dhaabbati dhuunfaa biroo SpaceX garaa hawaatti imale wal dorgomsiisuun guddina isaan teekinolojiif qaban agarsiifameera. Saallivaanis dameewwan barnootaa saayinsii fi herrega keessatti dubartootni hirmaachuu akka dabalan abdii qabdu ibsiteetti. ''Saayinsii fi teekinolojiin bu'uura dalagaa keenya guyyuu baayyeeti jetti.Kanaaf waa uumuu kalaquu barbaaduu qofatu waan barbaachisaa dhas jechuun dubbatti. Kana booda, ''garaa garbaa keessa qaamaan yaabaluu caalaa dhimmoti ani abuuruu barbaadu jiru,'' jetteetti. ''Saanduqa reeffaa xinnoo sana keessa hanga na kaahanitti garuu imala koo hin dhaabu,'' jetteetti.
oduu-46428330
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46428330
Gumaata Kaampaasii 4: Kalaqa maashina shaayiirraa hanga 'Wi-Power'
Barataa Hamzaa Hamiid ganamaan waan kennaa isaa adda baafate fakkaata. Barataan kun milkaa'ina hojii kalaqaatiin Yunvarsiitiin Gondar maqaa gaarii akka godhatus taasiseera.
Guyyaan Saayinsii Addunyaa akka Itoophiyaatti marsaa 3ffaa ALA Onkoloolessa 27 hanga Sadaasa 01, 2011tti Ministeera Saayinsiifi Tekinooloojiitti wayita kabajametti, Wiirtuun Saayinsii fi Tekinooloojii Yunivarsiitii Gondar hojii barataa Hamzaa Hamiid qabatee dhiyaachuun akka biyyaatti tokkoffaa ta'uun dorgommicha mo'ateera. Hamzaan hojiiwwan kalaqaa hedduu hojjechaa jiru keessaa kan dorgommii kana irratti dhiyeessee ittiin mo'ates ibsaa shiboo malee (Wi-Power) dhiyeessuudhaan ture. Barataa Hamzaa Hamiid seenaa isaa akka armaan gadiitti nuuf qoodeera. Umuriin koo waggaa 18. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Gondar, naannoo Janaamooraattin baradhe. Yeroon Jaanaamooraa jirutti hojiiwwan kalaqaa hedduu hojjedhee, yeroo hedduus ittiin dorgomeera. Barana ammoo Yunvarsiitii Gondar keessatti Elektirikaalii fi Injiinaringii Kompiitaraa waggaa tokkoffaan barachaa jira. Akaakuu barnootaa keessaa Herreega, Fiiziksii fi IT baayyeen jaalladha. Ergan Yunivarsiitii kana seenees hojii kalaqaa hedduminaan itti fufeen hojjechaa jira. Yeroo ammaa kana pirojektoota kalaqaa 20 caalan hojjechaan jira. Yeroo ijoollummaa... Yeroon ijoollee ture waantota gara garaa akka meshaalee elektirooniksii hojjechuun jaaladha. Kutaa sadaffaa yeroon baradhutti barattoonni sadarkaa tokkoffaa irraa hanga sadaffaa ba'an akka waan tokko kalaqanii dhufan gaafataman. Namni waan tokko kalaqe ni jajjabeeffama ture. Ani yeroo sana baayyee mucaa xiqqoon ture. Garuu kalaqa tiraafika to'achuun hojjedhee geesse. Daarektarri mana barumsaa keenyaa baayyee na dinqisiifatee qalama tokko na badhaase. Sana badhaafamuukoof yeroo sana gammachuun koo daangaa hin qabu ture. Mandara itti dhalate keessa simannaa Hamzaaf taasifame Badhaasni sun caalaatti na kakaasee jennaan Waxabajjii keessa yeroo manni barumsaa cufamu meeshaa sagalee guddiftuu, xiyyaaraafi kalaqawwan biroo hedduun dhiyeessee agarsiise. Karaa barumsaas, karaa kalaqaatiinis badhaafamuu danda'eera. Kalaqawwan hojjedheefi dorgommii irratti hirmaanne irraa muuxannoo fudhachuudhaan kutaa shan gaafan ga'u maashina shayii kan elektiriikaan hojjedhe. Magaalaa Jaanaamooraa keessa ibsaan sa'aatii 24 hin jiru. Yeroon kutaa jaha ga'e ammoo Baahir Daarin deeme. Achi irratti ammoo maashina shaayii, meeshaa xaafii sararaan facaasu hojjedheen ittiin dorgome. Yeroo sanarrattis badhaafamuu baadhus garuu dinqisiifannaa guddaatu ture. Meeshaan ani akka xaafii sararaan facaasu kalaqe sun xaafii ni calleessas waan tureef baayyee guddaadha. Jaanaamooraa irraa gara Baahir Daar geessuunuu baayyee akka na rakkise nan yaadadha. Hojii kalaqaa kanaan dorgomuu koo kanaan waan hedduun barachaa dhufe. Kalaqni yeroo baayyee rakkoolee jiran irratti ta'uu akka qabuufi furmaata hawaasaaf dhiyeessuu ta'uu akka qabun baradhe. Yeroo kalqnu xiyyeeffannaa kan irratti gochuu qabnu rakkoowwan jiran irratti ta'uu qaba. Yeroo wantoota rakkoo hawwaasaa furan irratti kalaqa dhiyeessuu dandeenye kan nuti badhaafamuu dandeenyu kan jedhun hubadhe. Kalaqa tiraafika to'achuu yeroon kutaa shan ture jalqabe ergan as dhufee hojjechuun eegale. Jalqaba kalaqa mana barumsaa to'achuun hojjechuu jalqabeen ture. Kalaqa mana barumsaa to'achuu kanaan bara darbe ittiin dorgomee tokkoffaa ittiin ba'eera. Kalaqni mana barumsaa to'achuu kun meeshaa rakkoo walxaxaa mana barumsaa furudha. Waan isaa akka maashina ATM kan ta'edha, karra irra dhaabbata. Barattoonni kaardii mataa mataa isaanii qabaatu. Barsiisonni daree maqaa waamaniin ammoo saanduuqa mataa mataa isaanii ni qabaatu. Saanduuqa kanaan barattoota to'atu barsiisonni kun. Saanduuqichis tokkoo tokkoon isaa bilbila mataa isaa qaba. Barattoonni kaardii sanaan yeroo galma irraan seenan barsiisaa daree isaanii biratti saanduuqa kan isaa keessatti galmeessaaf. Saanduuqni sun saatiifi guyyaa barataan itti dareetti argame galmeessee yeroo barbaadametti maxxansanii baasuun ni danda'ama. Fakkeenyaaf, saanduuqni sun yeroo barataan kaardii sana fayyadamutti mallattoo sirrii irratti taasisa. Bifa kanaan kan torbanii maxxansee baasa maashinni sun. Kan biraan ammoo kaardiin kun tarii barattoonni hatanii dhokatanii dallaadhaan hulluuquu danda'u, ykn ammoo kaardii nama biraa qabatanii seenuu danda'u. Kun garuu gonkumaa miliquu hin danda'an sababiin isaas ashaaraadhaan kan hojjetame. Qaamu kanaan ammoo barattoonni akkuma kaardii isaaniitiin karra seenaniin yeroo deemanii daree keessatti baratan yeroo seenan kan agarsiisus qaba. Karaa biraatiin ammoo kanan mana barumsaatti kalaqe keessaa 'Audio-conference' kan ittiin gaggeessuun danda'amudha. Hanga ammaatti kan jiru viidiyoo konferaansiidha. Kun garuu bakka ibsaan jirutti qofa kan hojjetu. Ani garuu mana barumsaa keenya ibsaan waan hin jirreef 'Audio-conference' mana barumsaa keenyaaf kalaqeera. Daarekterri biiroo isaa keessa taa'ee barsiisota mooraa keessa, daree keessa ykn bakkuma jiranitti waliin konferaansii gaggeessuu ni danda'a. Kalaqa 'Audio-conference' fi kan mana barumsaa ittiin to'atan kanan hojjedhe kutaa 8-10 yeroon barataa turedha. Bilbilli akka 'Audio-conference' ittiin walqunnaman ani mana barumsaaf kalaqe kun qarshiis, yeroo netwoorkiis hin gaafatu, tolumaan ittiin walqunnamuun danda'ama. Daarekterri mana barumsaa biiroo isaa keessa taa'ee barsiisotaafi namoota biroo barbaade waliin walga'ii gaggeessuu danda'a baasii tokko malee. Kalaqa rakkoo ibsaa furuuf... Pirojektiin kalaqaa koo inni biraan rakkoo ibsaa waliin walqabata. Ibsaan sababii bireekerii ykn qilleensaan, addaan cituudhaan, namaafi qaama gara garaatiin rakkoon irra ga'ee addaan cituu ni danda'a. Yeroo hedduus bakka rakkoon itti qaqqabes adda baafachuun rakkisaadha. Ani yeroo baayyee meeshaalee elektirooniksii suphuudhaan akkasumas yeroo ibsaan yaratus hojjechuudhaan qarshii waanan argadhuuf ofii koon of gargaarsisa malee namni addatti na duukaa ta'ee hanga ammaa na gargaare hin jiru. Meeshaa kalaqaaf na barbaachisus namoonni mana suphaa elektirooniksii qaban na gargaaru, bitten isaas baayyee gatiin isaa xiqqaadha. Pirojektootan jalqabe hunda nan milkeessa jedheen yaada sababiin isaas tokkoo tokkoon isaanii kaayyoo mataa isaanii ni qabu. Piroojektoota irratti hojjechaa jiru Tokkoffaan, to'annaa balaa konkolaataa, lammaffaan ammoo rakkoo hedduu ibsaa keessa jiru furuu kan jedhanidha. Kalaqni rakkoo ibsaa furuuf ani hojjechaa jiru keessaa ibsaa osoo shuboo (wadaroo) hin diriirsiin bakka barbaadan geessisuudha. Utubaan ibsaa kufuu/jiguu danda'a, wadaroon cituu danda'a, ykn gubachuu dand'a. Kanaaf, ibsaa shuboo malee ibsaa bakka barbaadame geessisuu kanan yaadeef kanaaf. Kalaqni kun kanaan dura sadarkaa yaaliitti ilaalameera. Ammas irra deebiidhaan hojjetamee ilaalameera. Chaarjeroonni shuboo malee ni jiruu, wantoonni shuboo malee hojjechuun danda'amu jiru. Fakkeenyaaf, ibsaan kan buufata Finfinnee kan hojjetu ta'ee kan buufata Baahir Daar garuu kan hin hojjenne yoo ta'e ibsaa shuboo malee dabarsuu kanaan buufata ibsaan jiru tokko irraa gara ibsaan hin jirreetti dabarsuun ni danda'ama. Kalaqni kun akka hojjechuu danda'u Yunvarsiitii Gondaritti yaalamee akka hojjetu ilaalameera. Hojii kanas, ogeessota agarsiisnee kan mirkanaa'eeru yommuu ta'u, amma ibsaa shuboo osoo hin diriirsiin bakka tokko gara bakka biraatti kiiloomeetira dheeraa geessuu akka dandeenyu hojjennee gara hojii omishuutti seenuudhaaf karoora qabna. Hanga ammaatti kan hojjetame kiiloomeetira gabaabaa qofaadha. Namoonni kalaqa kana arganiifi hubatan kiiloomeetirri isaa dheeratee osoo gara hojii sirriitti galamee gaariidha jedhu. Nutis amma gama kanaan qorachuu eegalleerra. Barumsi amma ani amma barachaa jirus hojii kalaqa koo kana waliin walqabatu waan ta'eef kalaqaafi qorannoo cimsee itti fufuuf na gargaara. Akka kootti barumsi rakkoo biyya keenyaa gama hundaan—dinagdee, hawwaasummaafi siyaasaatiin ta'uu qaban jedha. Namni kaayyoo jireenya isaa beekuudhaan nuffuufi dadhabbii malee kennaa isaa adda baafatee yoo hojjete ni milkaa'a. Horaa bulaa!! *Odeessi Gumaata Kaampaasii, jiruufi jireenya barattoota yunivarsiitii hirmaachisuun BBC Afaan Oromoo irraa torbaniin altokko kan isinii dhiyaatudha. Seenaa keessanis nuuf qoodaa. Odeessaalee dabran
oduu-51306338
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51306338
Naannoon Tigiraayi namoota federaalaa kaafaman muude
Manni Maree Bulchiinsa naannoo Tigraay namoota paartiin Badhaaniinaa aangooraa kaasuun mormee ture lama sadarkaa naannootti muudama yoo kennuufi miseensi TPLF duraafi booda keessa sababa eenyummaakoon dhiibbameera jechuun kan TPLF keessaa bahee ture Obbo Zaadig Abrahaa ammoo sadarkaa federaalaatti mudame.
Aadde Fatilwarqi G/Igzaabiher ministira Daldalaa kan turanii fi amma sadarkaa Itti aantuu pirezidaantii Naannoo Tigiraattitti muudama haaraa kan argatan. Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa naannoo Tigraay muudama namoota lamaa raggaasisuun kaleessa galgala kora isaa xumure. Paartiin Badhaadhinaa miseensota TPLF aangoo motummaa jiddu galaarraa gaggeesse jechuun komataa kan ture TPLF, kaleessa Aadde Fatilewarqi G/ Igzaabiher fi Salamoon Kidaaneef muudama kenneera. Aadde Fatilawarq Gabragzii'aabheer sadarkaa itti aantuu pireezdaantiitti itti gaafatamtuu kilaastera haqaa fi bulchiinsa gaarii ta'uun muudamaniiru. Isa dura garuu Aadde Fatilawarq ministeera daldalaa biyyattii tahuun hojjechaa kan turan yoo tahu torbanoota darban keessa ture aangoo ministirummaa irraa kan kaafaman. Akkasumas Dooktar Salamoon Kidaanee sadarkaa itti gaafatamaa Biirootti itti gaafatamaa hordoffii magaaloota naannoo Tigraay ta'uun muudamaniiru. Isaan dura ammoo, Dr. Salamoon Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Itti-aanaa kantiibaa fi Itti-gaafatamaa Biiroo Geejjibaa Bulchiinsa Magaalichaa tahuun hojjechaa turan. Dabalataan obbo Asmallaash Waldasilaasee itti gaafatamaa waajjira gamtaa mootummaa naannoo Tigraay ta'uun muudaman. Kana malees manni marichaa ijaarsa fi caaseffama aanoolee naannichaa dhiyaate irratti mariyachuun mirkannneessuera. Haaluma kanaanis, baayyina aanolee naannichaa dura turan 34 irraa gara 57'tti ol guddisuun gandoota baadiyyaa 18 ammoo gara magaalaatti akka guddatan mirkanaa'uu midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru. Gama biraatiin ammoo, kanaan dura miseensa TPLF kan turee fi sababa eenyummaakoon dhiibameera jechuun miseensummaa paartichaa keessaa bahuu isaa kan ibse Obbo Zaadig Abrahaa amma Sadarkaa Ministeeraatti Qindeessaa Damee ijaarsa dimokiraasii Paartii Badhaadhinaa tahuun muudamun isaa dhagahame. Zaadig Abrahaa Sadarkaa Ministeraatti Qindeessaa Damee ijaarsa dimokiraasii Paartii Badhaadhinaa tahuun kan muudaman.
47383766
https://www.bbc.com/afaanoromoo/47383766
Waggaa 1ffaa Abiy Ahimad: Erga MM aangootti dhufanii maaltu jijjiirame?
MM Abiy Ahimad ministira mummee Itoophiyaa ta'uun erga gara aangootti dhufanii waggaa guutuuf guyyoota muraasa qofatu hafa.
Baatiiwwan darban kanneen keessattis jijjiramooti siyaasaa, hawaasaa fi dinadgee gurguddaan taasifamusaanii kan himan hedduudha. Gama biraatiin ammoo, lakkii jijjiramni hanga eegamu dhufaa hin jiru kan jedhanis hin dhabaman. Aangoo erga qabatanii waggaa tokko tahuuf kan jedhu kan ilaalchisee BBC'n yaada hayyoota fi jiraattootaa naannichaa bakkeewwan garaa garaarraa walitti qabeera. Rifoormii MM Abiy ija hayyootaan Firdisaa Jabeessaa (PhD) Yunivarsitii Finfinneetti ogeessa qorannoo fi qo'annoo fi barsiisaa dha. Isaanis ''biyyi tokko akka biyyaatti waliin jiraachuuf bu'uurri isaa sababa sab-lammilee fi saba tokko jidduutti, akkasumas ummataa fi mootummaa jidduutti wal amantaan qabaachudha. Erga Dr. Abiy gara aangootti dhufanii booda ammoo wal amantaan kun cimeera,'' jedhu. Duratti poolisiin ummataan baqatamaa ture amma qaama hawaasaa ta'aniiru kan jedhan qo'ataan kun, hanqinootni jiran akkuma jirutti ta'ee namoonni waan itti dhagahame ifatti dubbachuun mirga isaatti fayyadamuu eegaleera jedhu. Sochiileen mirga dimokraasii fi mirgoota namoomaa kabachisan hedduunis hojjiitti hikamuu eegalaniiru. Kana malees biyyoota ollaa waggoota dheeraaf biyyattiin walgaarreeffachaa turte waliin nageenyi bu'eera jechuunis dhimma nageenyaa Itiyoo-Eeitiraa caqasaniiru Firdisaan. Biyyoota akka Keeniyaa, Somaaliyaa, Suudaanii fi Jabuutii waliin walitti dhufeenyi dhiiheenya kana biyyattiin qabdu, bu'aa oggansi haaraan akka ergama nagaatti ilaalaman taasiseeras jedhaniiru. Wayita Dr Abiy gara aangootti dhufu kaazinaan biyyattii oonee ture kan jedhan hayyuun kun, sochii gama kanaan taasiseen biyyattiin gama diinadgeetiins akka tasgabbooftu taasisaniiru jedhu. ''Biyyattii diigamu irraa hambiseera. Keessumattuu qeerroon buqqa'iinsaa fi dararama uummata Oromoo irra gahaa ture, itti cimnaan bahee lapheessaa rasaasaatti kennuun jijjiramni kun akka dhufu gumaachaniiru. Qeerroon dhaloota aarsaa olaanaa kanfaluun taankii fi matarayyasii maseenseedha.'' Ergasii naannoolee dabalatee, ummanni wal kabajaan jiraachuu eegaleera, 'garuu dhiiheenya kana keessaa wal shakkii keessa seenamaa jira fakkaata' jechuun haala nageenyaa argame ibsu. Gama dhimmoota lafa qabachuu qabaatu jedhaniinis, haaluma heera motummaa biyyatti keewwata 49 lakkoofsa 5 irratti kaa'ameen waa'een Afaan oromoo, dhimmi Finfinnee fi federaalaa ilaalatan lafa qabsiisuun dhimma ummanni eeggatuufi kan ummattoota jidduutti wal amante cimsudha jedhu Dr Firdisaan. Ministira Muummee Abiy Ahmad Kana dura nama waa'ee ofiisaa dubbate kolaafamee mana hidhaatti darbachuun hanga manni hidhaa naannoo ummata ykn saba tokkoo fakkaatutti taasifamee ammaan tana geedarameeras jedhaniiru. Gama amantaatiin illee kanneen wal baqachuun biyyaa bahan, gara biyyaatti deebiifamunsaanii akka hojjii gaariitti kaasan. Lammiilee biyyoota garaa garaatti hidhamanii turan hedduunis hiikamuun gara biyya abbaa isaaniitti akka deebii'an taasifameera. Kunis addunyaarratti fakkaattii gaariidha jedhu Barsiisaa Firdiisaa. 'Biyyattiin af-daneessa, sab-daneessa, aad-daneessa taatee osoo jirtuu, kun hundinuu sarbamee ture. Kanaan kan ka'ees namoonni lammiisaanii himachu hanga qaana'uu gahanii ture,'' jechuun waan darbe yaadatu. Akka Dr Firdisaatti, namni eenyummaansaa, afaansaa, aadaansaa, qabeenyaansaa fi maalummaansaa yoo kabajameef bineensa waliin jiraata waan ta'eef, wal amantaa cimuu qabaata. Haa ta'u malee ammalleen gama wal amataa ijaaruutiin hir'inni jira jedhu. Tarkaanffiin kanneen heera mootummaa cabsan irratti fudhachu dhibuunis, biyyattii gara hintaaneetti geessaa jiraachuus hin dhoksine. Ummatas shakkii keessa galcheeras jedhu. Ummanni oromoo nageenya, dinagdee fi tasgabbii biyya kanaaf murteessaadha kan jedhan hayyuun kun, gama bulchiinsaa, tajaajila hawaasummaatiin fi itti fayyadama qabeenyaa Finfinnee keessaa Oromoof lafa qabachu dhabuunsaa ummanni akka shakku taasiseera jedhu. ''Dhimmoota kanneen irratti dhaloota dagachiisuuf ta'e irraanfachisuun hindanda'amu. Yoo immoo kana irra deebiin saboonni bira nu filu jechuun yaadame ta'e kun garaamummaadha. Ta'u kan malu garuu waan heeraan kaa'ame hojiirra olchaa bulchuudha.'' Waggaa 1ffaa Abiy Ahimad Walitti bu'insa ummattotaa daangaalee garaa garaa irrratti gaggeeffamu, dhaabilee dorgomtootaa nam-tolchee, hanqina humna raawwachisuu qaamoolee garaa garaa fi tasgabii dhabiinsoota deegaramuun uumata keessa bittinsamuun ummata burjaajjeesan qormaatotaa gurguddoo Ministirra mummee mudataniidha jedhu. Garaa garummaa sadarkaa jireenyaa shira dinagdee biyyattii keessatti waggoota 27 darbaniif hundee gadi faggeeffanteen wal qabatee umame, waliitti firoomsuun qormaata ministiricha mudatan kan biraati jedhu. Sababii qaamni hawaasa qarshii tokko baasuun itti cimu fi kanneen miliyoona karaa hannaatiin argate baasuuf itti hin ulfaanne waliin misoomsuun hin danda'amneefu, dhaadannoon waliin misoomna jedhu mataasaa hojiitti hiikuun rakkisaa ta'a jedhu. Dinagdee namoota miidhamanii irratti xiyyeefachuun hojjachuu fi dhaabbilee sirna duraa waraanuufi du'a baqachuu qabsootti makaman sodaa tokko malee simachuun ofiiti hawwachurratti cimsame hojjatamu qabas jedhaniiru. Paartiileen dorgomtootaa hoo maal jedhu? Obbo Mulaatu Gammachuu, barreessa Ittaanaa Kongrasii Federaalistii Oromoo (KFO) rifoormicha ilaalchiisee, ''warri hidhaman hiikamaniiru, kan bakkee jiran galaniiru, namni akka barbaaduutti yaadasaa ibsachuu eegaleera, labisiiwwan daanggeesso ta'an fooyyeessuuf irratti hojjataa jirra kun gaariidha. Garuu namoota Oromiyaa keessatti daa'ima umurii 12tii hanga jaarsa waggaa 85tti kan ta'an namoonni kuma 5 ol ta'utuu du'e. Kanaaf kan itti gaafatamummaa fudhatu hinjiru. Yakkiiwwan garaa garaa raawwatameef kan seeratti dhiyaate hin jiru. Oromoon kana gaafata jedhaniiru. Kanaafuu jedhu Obbo Mulaatuun, motummaan waan hunda irraa walaba ta'ee gaaffii ummataatiif debii kennu malee sabni kun gaaffiinsaa bakka hin gahu jedhu. Akkasumas gaaffiin Finfinnee fi gaaffiin Afaanii ummanni Oromo kaasaa ture bakka hin geenye. Filannoon dhufaan attamiin walaba ta'aa kan jedhu ifatti hin jiru kan jedhan Obbo Mulaatuun, adeemsiiwwan akka labsiiwwan foyyeessuu fi kaan hatattamaan abbaan itti godhamu qaba jedhaniiru. Ummaticha tasgabbeessuuf ammoo filannoo haaraan gaggeeffamee motummaan sabni kun barbaadu dhaabbachuutu irra jira. ''kun ammoo ta'u kan danda'u seerri lafa qabatee yoo filannoo walabni gaggeeffameedha'' jedhaniiru. Jiraattoonni maal jedhu? Jiraattoota magaalaa Adaamaa dhimmuma kanarratti yaadasaanii nu qoodan keessaa tokko Obbo Lagasa Kabbadati. Jijjiramni erga Dr Abiyyi gara angootti dhufee mul'ate kan akka biyyaattuu ilaalamuudha jedhu. Keessattuu aangootti dhufuun Dr Abiy yaada Oromoon biyya bulchuu hindanda'u jedhu sana faalleessee bira taree addunyaa haala itti dinqisiisaa jiru irra gaheera. Waanti hundi guyyaa tokkootti geeddaramu waan hin dandeenyeefu haalonni adeemsa keessa hojjatamaa jiraachuus Obbo Laggasaan hin haalle. Kanaafuu fakkeenya yoo kaasanis, Dr Abiy ummatas ta'e biyya bulchuun jaalalaan mo'achuun akka dand'amu hunda kan itti barsiiseedha jedhaniiru. Haa ta'u malee, jaalallis daangaa waan qabuuf olaantummaa seeraa irratti hojjachuu qabu. Olaantummaan seeraa yoo kabajame kana caalaa deemuu kan dandeenyu natti fakkaata jedhu. Dargaggoo Ibsaa Maammoos jiraataadhuma Magaalaa Adaamaa yoo ta'u, Dr Abiy kan bara dheeraa keessatti hojjatamu hindandeenye, waggaa tokko kana keessatti waan raawwateef baayyeen dinqisiifadha jedheera. Dhimmi biyyummaa, dhimmi sabummaa waan itti dhagahamuuf fiixaan bahuu danda'ee jedhee akka yaaduus himeera daragaggoon kun. Haa ta'u malee dhmmoota kana booda Ministirri mummee xiyyeefannaan irratti hojjachuu qabu tokko 'dargaggoota dha' jechuun 'dargaggoota bilisummaa kana fidan kunneen galateeffamuun alatti, hojii mataasaanii irratti bobba'anii fuula keenya gara misoomaatti deebiisuun barbaachisaadha,'' jedheera dargaggoo Ibsaan.
oduu-54583425
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54583425
Waldhibdee Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Tigraay furuurratti qoodni paartilee siyaasaa maali?
Walitti dhufeenyi naannoo Tigraayii fi mootummaa federaalaa Itoophiyaa jidduu jiru, yeroodhaa gara yerootti hir'achaa fi rakkoo keessa seenaa dhufeera.
(Bitaa gara mirgaatti) Pirof. Mararaa Guddinaa, Obbo Aluulaa Haayiluu, Obbo Addanee Taaddasaa fi Obbo Naatinaa'el Fallaqe Waliigaltee dhabuun kunis inni tokko kaaniin "seeraan ala" jechuu gaheera, akkasumas hariiroosaanii adda kutuus ifaan hamma himanitti isaan geesseera. Filannoon biyyalessaa ALI bara 2012 ji'a Hagayyaa taasifamuuf karoorfamee ture sababa koronaavaayirasiin yeroo dheereffametti, naannoon Tigraay filannoo geggessuuf gaafatus boordii filannoorraa hayyama hin arganne. Boodarratti naannichi komishiinii filannoo mataasaa hundeessuun Qaammee 4 filannoo geeggesse. Manni Maree Federeshinii filannoon taasifamuusaa dura seeraan ala jedhus; erga filannoo taasifame bu'aan filannoo ifoome booda, filannoon akka hin raawwatamne kan laakka'amuu fi fudhatama akka hin qabaanne beeksiseera. Kanaanis osoo hin dhaabbatiin mootummaan federaalaa fedhii misoomaa fi tajaajila barbaachisoorratti xiyyeeffachuun, bulchiinsa magaalaa fi gandaa dabalatee dhaabbilee seera qabeessa ta'an qofa waliin hariiroo akka qabaatu ibseera. Bulchiinsi naannoo Tigraay garuu murteen kun fudhatama akka hin qabnee fi manni marichaa aangoo heera mootummaatiin ala; hiikkaa heeraa kennuun kan dheerate waan ta'eef; heera mootummaatiin ala jedheera. Waldhibdeen qaamota lamaan kanneeniin akkamitti hiikamuu danda'a? qoodni paartilee siyaasaas maal ta'uu qaba kan jedhurratti hoggantoota paartilee adda addaa dubbisneerra. Marii... marii... marii... Waldhibdee mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay irratti dura taa'aan paartii KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa "waldhibdee hamaa keessa galaniiru" jechuun qaamoleen lamaan kunneen irra deebiin gara marii akka deebi'an kan eegamanii fi barbaadan ta'uu BBC'tti himaniiru. Garaagarummaan siyaasaa mariidhaan hiikamuu qaba kan jedhan Piroofeesar Mararaan, mootummaan federaalaa fi naannoo Tigraay waldhibdeesaanii hiikuuf "filannoon jiru marii qofadha" jedhu. Hogganaan sab-qunnamtii paartii EZEMA Obbo Naatinaa'el Fallaqqe, waldhibdeen mootummaan federaalaa fi naannoo Tigraay keessa seenan "balaaf saaxila" jedhu. Dabalataanis adeemsi jijjiiramaa eegalamee kaasee mootummaan federaalaa TPLF bulchaa turerraa adda bahuun; boodarras Badhaadhinni yeroo hundaa'eetti qooda mootummaa federaalaa keessaa bahee naannicha bulchuutti jijjiiramuusaa kaasu. Akka Obbo Naatinaa'eel jedhanitti murteen TPLF murteessaa dhufe akka adda of baasuu fi adeemsa jijjiiramaa biyyattii keessaa kan of baasu hordofaa jiraachuusaa himu. Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan: Waldhibdeen qaamolee lamaan kanneen jidduu jiru ummata Tigraay balaaf saaxiluu danda'a kan jedhan Obbo Naatinaa'eel "karri mariidhaan hiikuun ittiin danda'amu cufamaa, filannoowwan kanaan ala ta'an ilaaluuf kan dirqisiisan fakkaatu," jechuun dubbatu. Mootummaa federaalaa hundaa ol wanti isaa yaachisu, heerri mootummaa kabajamuu, nageenya lammiileesaa kabajachiisuudha jechuun dhimmichi kana caalaa osoo hin hammaanne, qaamoleen lamaanuu mala gara marii ittiin dhufan mijeessuun itti gaafatamummaa qabaachuusaa himu. EZMA'nis mootummaan federaalaa akkana godhuu qaba jedhee kan amanu ta'uusaa himuun, tarkaanfiwwan fudhataman hundi TPLF gara mariitti kan isa fidu yookiin kan dirqamsiisu ta'uu qaba jedhu. Tarkaanfiiwwan mootummaan federaalaa fudhatu kan ummata Tigraay balaarra buusu ta'uu hin qabu jedhu Obbo Naatinaa'eel. Filannoon biyyaalessaa dabruun isaa sirrii akka hin taaneefi naannoon Tigiraay ammo filannoo gaggeessuun isaa seera-qabeessa tahuu kan dubbatu ammoo, dura taa'aa ittaanaan Saalsaay Wayyaane Tigraay (Saawat) Alulaa Hayiluuti. 'Waldhibdeen hamaa' paartilee Badhaadhinaafi TPLF jidduu jiru hatattamaan hiikamuu qaba jedha. ''Garaagarummaa paartilee lamaan jidduu jiru, waldhibdee mootummoota federaalaa fi naannoo gochuun, hokkarri akka uumamu gochuun rakkoo cimaadha. Sadarkaa federaalaafi naannootti, mootummaafi paartiin gargar bahuu qaba,'' jechuun muddamni ka jiru paartilee gidduuttidha jedha. Paartileen lamman kunniin, rakkoo kana ofumaan hiikachuu qabu kan jedhu Alulaan, kana gochuu dhaddabnaa garuu, karaa seeraan hiikamuu akka qabu ejjennoo paartiisaanii akka tahe dubbata. Pireezidaantiin Paartii Dimookiraatawaa Itoophiyaa (EDP) Obbo Adaanee Taaddasee paartiilee siyaasaa biyyattii keessa jiran bira rakkoon jiraatus, biyyattiirratti rakkoo guddaa fiduu kan danda'u waldhibdee TPLF fi Badhaadhinna, mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay jidduu jirudha jedhanii amanu. Paartiinsaanii kana hubachuudhaan Amajjii waggaa darberraa jalqabee ejjannoo ibsaa turuusaanii yaadachiisuun, hirmaannaa kamuu qaamolee lamaan kanneen walitti fidurratti hirmaannaan paartilee barbaachisaa yoo ta'e irratti hirmaachuuf qophii ta'uusaa ibsu. Gama mootummaa federaalaatiin qaamni naannicha "dhiibu" gama naannoo Tigraayiin ammoo "osoo beekan rakkooleen akka babal'ataniifii dhiibuun" kan mul'atu ta'uu ibsuun, sodaa wantoonni kunneen biyya jigsuu danda'u jedhu qabaachuusaanii dubbatu. Abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaas balaa rakkoon kun fiduu danda'u hubachuun, furmaata fiduuf yaalii taasisuu akka qaban himu. Murtee mana maree federashiinii fi ejjannoo TPLF Manni maree federeshiinii murtee koree heera mootummaa qulqulleessurraa isa gahe fudhatee filannoo biyyaalessaa fi aangoo mootummaa dheeressuunsaa ni yaadatama. Kanarraa ka'uun naannoon Tigraay filannoo geggessuu fi bakka bu'oota mana marichaa filateera. Manni maree federeshinii filannoon naannoo Tigraay taasise akka hin raawwatamnetti laakka'ama jechuun; mootummaa naannichaa waliin hariiroo kallattii akka hin taasifamne beeksisuun; ijaarsa gadi jiru waliin wal-qunnamtiin akka taasifamu murteesseera. Piroofeesar Mararaan mootummoonni lamaan isaan kaaniin "seeraan ala" jechuun qunnamtii qaban adda kutuun sirrii miti jedhu. Mootummaan federaalaa bulchiinsota aanaa fi gandaa waliin hariiroo qabaadha jechuunsaa haala kamiin hojiirra oolfama kan jedhu gaaffii natti taheera jedhu piroofeesarichi. Akka yaadasaaniitti qaamni naannicha bulchu, ijaarsa gad aanaa jiru ijaaruuf itti gaafatamummaa qaba jedhu; mootummaan federaalaa TPLF'n darbee ijaarsa gad aanaa waliin maal akka hojjatu beekamuu qaba jedhu. Qaamni ummata bulchuu fi dhimmoota biraa guutuu adda adda ta'uunsaanii raawwiidhaafis rakkisaa akka ta'u kaasu. Dabalataanis qaamoleen lamaan kunneen rakkoo siyaasaasaanii hamma hin hiiknetti haala kanaan waliin fufuun itti ulfaachuu akka danda'u tilmaamasaanii kaa'u Piroofeesar Maraaran. Obbo Naatinaa'eel gamasaaniitii TPLF asiin dura Fulbaana 30 booda mootummaan hin jiru jechuun irra deddeebiin duulaa fi dubbii taasisaa turuusaa yaadachiisuun sochiinis ta'ee murteen "haala rakkisaa keesssa kan nu galchudha" jedhaniiru. "Duulli hamaa kun akka biyyatti rakkoo hamaa keessa nu galcha jenneetu ilaalla" jedhan Obbo Naatinaa'eel. Murteen manni maree federeshiinii ijaarsa naannichaa gad aanaa waliin qunnamtii goona jedhee murteesse sirriidha jennee fudhanna jedhaniiru. Murteen kun garuu akkamitti qaamolee lamaan walitti fidee gara marii isaan geessa kan jedhurratti ammallee sodaa akka qaban ibsu. Kanaaf TPLF'n akkamitti gara marii fiduuf maaltu taasifamuu qaba kan jedhu haalan itti yaadamuu qaba jedhu. Obbo Adaaneen gamasaaniitiin adeemsi TPLF filannoo taasisee aangoosaa dheereffate kan fudhatama hin qabnedha jedhanii akka amanan ibsaniiru. Gama kaaniis adeemsi mootummaan federaalaa aangoosaa dheereffate seeraan alaa fi heera kan faallessudha jechuun himu. Kanaanis walitti deebiin mana maree federeshiinii fi naannoo Tigraay jiddutti seera qabeessa fakkaatanii taasifaman barbaachisaa akka hin taane dubbaataniiru. Kanarra "seera achi qabanii; sababasaa ummanni miidhamuurraa hafee; furmaata siyaasaa" kennuun akka irra jiraatu kaasu. Gahee paartilee mormituu Piroofeesar Mararaan araarri fi waliigaltee biyyaalessaa akka barbaachisu waggoota lamaaf dubbataa turuusaanii yaadachiisu. Araarrii fi waliigaltee biyyaalessaa gama hawaasaatiin, paartilee siyaasaatiin, mootummaa fi mormitoota jiddutti hamma hin jiraannetti carraan Itoophiyaa rakkisaa akka ta'u paartiinsaanii akka amanu dubbatu Piroofeesar Maraaraan. Dabalataanis Tigraayiifis ta'ee Itoophiyaa hafteef filannoon waliigaltee biyyaalessaarratti hundaa'e geeggessuun barbaachisaa ta'uusaa himu. Obbo Naatinaa'eel gamasaaniitii sanda waadaa mallattaa'ee yaadachuun paartiin Badhaadhinnaa fi TPLF waliigaltee mallatteessan san akka kabajaniif paartiinsaanii dhiibbaa taasisuun paartiisaaniirraa akka eegamu dubbatu. Durataa'aa ittaanaan 'Saawat' Obbo Alulaan garuu paartileen moormituu, Badhaadhinaafi TPLF gidduutti jaarsummaa taa'uuf carraa hin argatan jedha. ''ADWUI'n wayita turetti, paartilee mormituu uumaman dadhabsiisaa tureera. Kanneen cimanii bahan jiraannaanis, adda kanaan ukkaamsamaa turan. Kanaaf har'allee carraa dhageettii argachuu qabu jedhee hin yaadu,'' jedha. Kana malees, Badhaadhinaafi TPLF jidduu 'morkiin aangoo' waan jiruuf, paartileen biro jidduu seenanii furmaata fiduu hin danda'an jedha. EZMA gamasaatiin waliigalteen kun akka kabajamuuf mana marichaatti dhiibbaa akka taasisu ibsuun, paartiinsaanii waliinis ta'ee dhuunfaan waldhibdee qaamolee lamaan kanaa akka hiikamuuf dhiibbaa taasisuun akka barbaachisu eeru. Obbo Adaaneen waldhibdeen kun rakkoo TPLF fi Badhaadhinnaa qofa ta'ee akka hin hafne ibsuun; paartileen mormituu mootummaan tarkaanfii akka fudhatuuf dhiibuurra gara marii akka dhufu yaalii taasisuu akka qaban gorsu. Mana maree paartiileen lamaan kana keessatti hirmaatan paartileen 100 ol akka jiran kan himan Obbo Adaaneen, paartileen kunneen garee tokko hundeessanii rakkoon paartileen lamaa akka hiikamuuf sochii qabatamaa taasisuuf jalqabuun isaaniirra akka jiraatu himu.
oduu-43482170
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43482170
Abdii daldala bilisaa Afriikaa duuba maaltu jiru?
Gamtaan Awuroppaa fi waliigalteen daldala bilisa isaa osoo hin xumuramiin waggoota lakkoofsiiseera. Afriikaan ammoo yeroo muraasa keessaatti hojiirra akka olu abdachaa jirti. Garuu duubatti hafuu Naayijeeriyaatiin gaaffiin dhuguma fiixaan bahaa jedhuu ka'uu eegaleera.
Afriikaan waliigaltee daldala bilisaa ardii gutuu hammatu taasisuuf hawwiti. Kunis adeemsa cimaafi eegeera barbaadamuudha. Daldalli bilisaa kunis namoota biliyoon 1.2 daka Keeptaawoonii kaasee hanga Masriitti argaman kan hammatuudha. Omishoonni, tajaajjilliifii tarii humni namaa bilisaan biyyoota 50 afriikaa keessa socha'u. Innis carraa hojii kuma kudhaniin lakkaa'aman uumusaatiin alattis, hawaasa dargaggoo ardiittiif rakkina hojii dhabiinsaa kan hir'isu ta'a. Kana maleess daldala biyyoota afriikaa jidduutti cimsuun akka ardii gutuun biyyoota awurooppaa fi bahaa irratti hundaa'an kan hir'isu ta'u mala. Sodaawwan Oggaantoonni biyyoota afriikaa baayyeenis ofeegannoon socha'u. Kanaafu, torban kanawaliigaltee mallatteessuuf wayita mootummoonni magaalaa guddoo Ruwaandaatti , Kigaaliitti walgahaniitti waan baayyeetu eegama. Qajeelchi Daldalaafi Industirii Afriikaa Kibbaa akka jedheetti ''tarsiimoo qindaawaa afrikaa jidduutti daldala cimsuu fi gabaa walsimataa maallaqa gara dolaara tiriliyoona 2.6 tiin manoota billioona oliitiif olu ijaaruuf kutateera.'' Akkasumas Ministirri daldala Keeniyaas haallis gabaa bilisaa bal'aa ta'ee uumusaatiin alattis, akkasuma ''sadarkaa industiriifi inarpraayizootaattilleen miira dorgommii uumuun, omishootaas akka gatiin dabalufi qabeenyaa jirutti fayyadamuun dinagdee akka cimu ni taasisa,'' jedheera. Garuu adeemsichi osuma hinmallattefaminu rakkina jalqabaa mudateera. Osoo waliigaltee argachu danda'an ta'ee, namoonni gabaa Masrii irraa akkasiin ture... I Naayijeeriyaa sanbattan irra akka ibsiteetti, Pirezidaantiin Muhaammad Buhaariin sirna Kigaalii irratti hinhirmaatan. Ibsichaanis, ''qaamootii murteessoon Naayijeeriyaa keessatti argaman dhimma isaan waliigalticha irratti yaadda'an ilaalchisuun akka hin marisiifamin caqassameera,'' Qaamooleen murteessoon kunneenis hawaasa daldaltootaa lammiilee Naayijeeriiyaafi Gamtaawwan daldalaa isaati. Gamtaan daldalaa kunis irra caalaa waa'ee naannawa daladla bilisaatiin yaada'usaa dhagameera. Kunis gara fuuladuraatti gara qaama walta'aatti guddachuun sochii hojjattootaa daangaa malee cimsuun hojiiwwan Naayijeeriyaa irratti dhiibbaa taasisu danda'a jedhu. Dhugaan jguddaan jiru garuu dinagdeen afriikaa inni olaanaan jalqaba irraa kaasee waan adeemisichaan hin hingatamneefu, dhugomu waliigala pirojaktichaa gaafii keessa galacheera. Qaamoolee hundinu waliigaltee daldala bilisaa kana mallatteessuuf kan walii gala ta'eeyyuu, kunis yoo hojin eegalamutti baayyee salphaadha. Erga mallatton gugeen qoondaaltoonni hundi gara biyyaa erga deebii'anii booda garuu, waliigaltee sana attamiin atatamaan hojiitti geeddaruun danda'amaa? Lafarratti jijjirama kan fidu hoo yoom? Hanga daldaltoonni miishaasaanii gara naannoo daldala bilisaatti sochoosan, labsiin daangaa malee jedhuun waraqaarra taa'ees waan xiqqoo qofa kan hojattu ta'a. Waliigaltee naannoo daldala bilisaa jalatti biyyoonni afriikaa mallatteesan hundi ashuraa daldalaa hiriisuufi kotaan meeshaalee walii galchuun daldala afriikaa jirruu cimsuuf kan jedhuudha. ... Keeptaawon keessatti kaafee daldaluu... Dhuguma dubbachuuf, haalli kunis waltajjii waliigaltee dinadgee waliin hojachuuf dandeessisu kan jalaqabaati. Waltajjiin itti aanuu gamtaawwan maamltootaa kan biyyoonni hundi biyyoota biraa waliin ashuraa walfakkaatu akka qabaataniif ykn waliin ashuuraa akka hinqabaannee gargaarudha. Kanaafuu gabaan bakka meeshaaleen, tajaajjilliwwaniifi humni namootaa waliin biyyoota jidduutti socha'uun walitti dhufeenye isaan biyyoota addunyaa waliin qaban daangaa daldala waliinii qofa ta'a. Walita'iinsii gara fuladuraa ammoo tokkommaa siyaasaafi maallaqa tokkotti fayyadamu ta'a. Gaaffii Guddaa Kana hundeeesuufis Gamtaa aworoppaa wal waraana addunyaa lammaffaatti aansee waggoota 50 ol itti fudhate.Walta'insii muraasni duraanu Afriikaa keessa jira;- fakkeenyaaf Hawaasa Afriikaa Bahaa fi Gamtaa Ashuraa Afriikaa Kibbaa. Biyyoonni afriikaa baayyeen waliin osoo hintaanee biyyoota afriikaan alaa waliin daldalaa waan jiraniif, kun mataansaa rakkoo guddaa tibba kanaati. Dhugumattis, daldalli afriikaa waliinii kan walii gala keessaa haka 16 kan haguugu yoo ta'u, Eshiyaa waliin %51 fi awurooppaa waliin %70 haguuga. Rakkinni biraa bal'ina ardii afriikaa waliin waqabatuudha. Kunis bal'ina dachee qofa osoo hintaanee baayyina biyyoota waliigalticha mallatteessanii jechuudha. Yoo waliigalteen Awuroppaa bara 1950tti eegalu biyyoota jaha qofatu keessatti hirmaate ture. ... hojjattoota ijaarsaa Daakaar keessatti Waggoota 60 booda garuu, Gamtaan awuroppaa mseensoota 54 qaba. Kanaafu walii ta'insiifi hojiirra olamaan murteessaadha.
oduu-51867177
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51867177
Koronaavaayiras: Keeniyaatti namni Koronaavaayirasiin qabame jalqabaa argame
Mootummaan Keeniyaa biyyattiitti namni koronavaayirasiin qabame jalqabaa argamuu beeksise.
Ministirri Fayyaa biyyattii Mutaahi Kaagiwe ibsa amma kennaa jiraniin akka beeksisanitti namni kanaan qabame dubartiidha. Lammii Keeniyaa kan taate dubartiin kuni Yunaayitid Isteet irraa kara Landan gara Keeniyaa kan imaltedha jedhameera. Biyyoota ollaa Itoophiyaa daangeessan jiran keessaa biyyi kun itti argame Keeniyaa qofa. Dhukkubsattuun kuni Keeniyaa kan seente torban dura Bitootessa bultii 05, 2020 yoo ta'e, kan irrati argame garuu kaleessa [12,03,2020] galgaladha. Ministirichi dabaluun waan jedhan, ''dhukkubsattuun kun mallattoon dhukkubichaa kan itti hin hammaannefi nyaatas nyaachaa jirti jedhaniiru. Kana malees ho'i qaamaashee hir'achaa akka jiruufi haga bu'aan qorannooshee negatiiva (bilisa) tahutti adda baafamuun akka turtus dubbatan. Qorannoon kuni laabiraatorii biyyaalessaa Infiluweenzaa Keeniyaan mirkanaa'e. Mootummaan Keeniyaa imala Chaayinaafi Xaaliyaanii irraa erga dhorke bubbuleera. 'Namoonni iddoo tokkotti akka walitti hin qabamne' Keeniyaan murtoo kana kan fudhatte erga namni jalqabaa koroonaavaayirasiin qabame argame boodadha. Ministeerri fayyaa biyyattii Mutaahii Kaagwee waldaaleen Kiristaanaa tajaajila kennuu itti fufu garuu dhagala'aa alkoolii harka qulqulleessu kennuu qabu jedhan. Manneetii barumsaas hojii itti fufu garuu sochiiwwan mana barumsaa mana barumsaatti taasifaman hin jiraatan jedhan. Gorsa kennamu sirnaan hordofuu dha malee yaadda'uu hin barbaachisuu jedhaniiru. Qaamni dhukkuba kanaaf deebii atattamaa kennu ni bobba'as jedhaniiru. Uummatni qulqullina akka eeeggatu, warreen geejiba irra hojjetan konkolaataa isaanii yeroo yerootti akka qulqulleessan gorsan.
oduu-56385826
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56385826
Lola Tigraay: Tigraayitti 'duguuggaan sanyii' raawwateera himati jedhu bu'uura hin qabu-Itoophiyaa
Itoophiyaa, naannoo Tigraay keessatti ‘’yakki duguuggaa sanyii’’ raawwatameera himannaa jedhurratti ibsa ejjennoo mootummaa Itoophiyaa agarsiisu kan baase Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii, mootummaan Itoophiyaa qajeeltoo seera mirga namoomaa idil-addunyaa bareechee beeka, jaarmiyaa kanattis miseensa jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa dhiittaa mirga namaa fi yakkoota suukanneessoo dhala namaarratti raawwataman dura dhaabbachuu fi sirriittis qoratee seeratti kan dhiyeessu ta’uu ibse. Gama Kanaan jaarmiyaalee idil-addunyaa mirga dhala namaaf quuqaman kamuu waliiin qindoominaan hojjechuuf mootummaan fedhii akka qabus ibseera Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa. Kun Kanaan osoo jiruu, Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken Tigraay keessatti duguuggaan sanyii raawwatameera jechuun himati isaan dhiyeessan bu’uura kan hin qabnee fi murtee yakkaa sobaan mootummaarratti darbeedha jedha ibsi kun. Akka ibsa kanaatti oppireeshinii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa ture keessatti itti yaadamee qaamni irratti qiyyaafatamee fi duguuggaan sanyii ta’e jedhamee raawwatame hin turre. Mootummaan Itoophiyaas kanarratti hundaa’eeti kan inni himannaa akkasii haalu. Wayita mootummaan Itoophiyaa hawaasa idil-addunyaa fi naannawa isaa waliin ta’uun dhiittaa mirga namaa naannocha keessatti raawwatame qorachuuf kutatee jirutti haalota dubbii dabsanii dhaadhessuun haqa fida osoo hin taane xaxaa siyaasaa hammeessaa kan deemuudha jedha ibsi kun. Hariiroon US fi Itoophiyaa seena qabeessaa fi kan waggoota hedduu ta’uu kan ibsu mootummaan Itoophiyaa ammas taanaan haalota uumamaniin kan danqamu osoo hin taane cimee itti fufa jedheera. Mootummaan Itoophiyaa bulchiinsa US amma jiru waliin michummaasaa cimsee dhimmoota garaagaraa irratti waliin akka hojjetu akeekeera ibsi kun. Deggersi mootummaan US rifoormii Itoophiyaaf gochaa jiru kan galati maluuf kan jedhu ibsi kun gara fuulduraattis bara 2021 keessa hariiroo dantaa biyyoota lamaanii mirkaneessuurratti hundaa’e mootummaan Itoophiyaa cimsee itti fufuuf fedhii akka qabu eereera. ''Dhimmoota nageenyaarratti US deggersa Itoophiyaaf gootu itti hin fuftu'' Dhimma biyya alaarratti Dubbi Himaan mootummaa US Need Piraayis dhimma mirga namoomaa irratti kaleessa ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Need piraayis akka jedhanitti Ministirri Dhimma Alaa Antonii J. Bilinken Hogganaa UN Antooniyoo Guteeras waliin kaleessa dhimmaa Afgaanistaan, Itoophiyaa fi Burmaa irratti haasa’uu isaani ibsaniiru. Dhimmaa Afgaanistaan irratti tasgabbii siyaasaa uumuufi waraanni akka dhaabbatu goochuuf haasaa taasisuu irratti waan wali galaniif Bilinken Hogganaa UN Guteeraasiin galateeffataniiru. Biliinekn Itoophiyaa keessatti nagaa deebisuuf, lola dhaabuu fi rakkoowwan mirga namooma furuuf biyyattii fi biyyootii addunyaa biroon sochiin dabalataa akka jiraatuuf wamicha dhiyeessaniiru. Dabalataanis sarbaamni mirga namoomaa naannoo Tigraay jirachuu irratti gaabaasaalee jiran adda baasuuf qaama beekkamtii qabu, of danda’aa fi idil addunyaa irraa ta’een qorannoo gaggeessuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru. Bitootessa 10 irratti Ambaassaador Paasii jila ambaassadaroota biroo fi dippiloomatota of keessaa qabate waliin gara Maqalee imalanii akka turan Piraayis ibsaniiru Daawwana kana irratti Ambaassaddar Paasii hoggantoota bulchiinsa yeroofi Tigraay waliin kan mari’atan yoo ta’u, mootummaan US uummata Tigraayii fi lammilee rakkatoo Itoophiyaa hunda akka gargaaru ibsaniiru. Namootni mirga namooma sarbaniifi haleellaa korniyaa irratti hundaa’e rawwatan yakka isaanii hundaaf itti gaafatamummaan gaafatamuun isaani barbaachisaa akka ta’e ibsiteetti. Itti fufinsaan kan nuti gaaffannuu dhabbilee gargaarsa kennaniif daandii akka banamuu fi yakka rawwatamaniif itti gaafatamummaan akka fudhatamudha jedhaniiru Dhimma gargarsaa Itoophiyaaf taasisan irratti kana duraa dhimmaa Hidhaa Guddichaa irratti gargaarsa tokko tokko addaan akka kutne ibseenerra jedhu Need Piraayis. Dabalataan gargaarsa namooma dabalatee gargaarsota hanqina nyaataa addunyaa fi sochii waldhabee goodansaa tokko tokko irratti deebine hojjachuuf murteessineerra jedhu. Haala amma Itoophiyaan keessa jirtu irratti hundaa’uun, gargaarsota dhimma nageenya waliin wal qabatan dabalate kanneen addan kunne deebisne jalqabuu dhiisuuf murteessineerra. Ta’us garuu lammilee Itoophiyaa gargaaru itti fufna, nuti gummachitoota namoomaa Itoophiyaa keessa isa guddaadha. “Rakkoolee akka hanqina nyaataa, sababa waldhabdeen namoota qe’ee isaanii irraa buqqaaan, weerara hawwaanisaa, lolaa fi weerara Covid-19’f gargaarsa namooma doolara miiliyoona 733 ol ta’u taasisneerra” jedhu. Wantoota kunneen alatti sochii gargaarsa US addaan kutte deebisanii eegaluuf ammallee kan itti yaadamaa jiru ta’u ibsaniiru.
oduu-57080997
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57080997
Sookkee: Kitaaba bu'aa ba'ii dubartii baadiyyaatti dhalattee, barattee maatiifi biyyashee jijjiiruuf dhamaatu seenessu
Gaazexeessituufi barreessituu Abaaboo Maammoo Kitaaba mata-dureen isaa 'Sookkee' jedhu tibbana maxxansiiste. Kitaabni kun maalirratti fuulleffata? Barreessituun kun maaltu akka barreessituuf ishee kakaase? Kan jedhuufi gaaffiiwwan biroo ilaalchisuun barreesituun Kitaabichaa turtiin BBC waliin taasifte kunooti. BBC- Kitaabni kee kanaaf ka'umsa kan siif ta'e maali?
Abaaboo- Kitaabni kun kitaaba Asoosamaati. Asoosama seenaa dhugaa irraa maddedha. Seenaa dubartii Oromoo baadiyyaa jiraattuuti. Dubartii baadiyyaa Oromiyaatti dhalattee, baratteemmoo ofiifi maatiishee, biyyashee jijjiiruuf dhamaatu. Bu'aa bahii dubartiin kun keessa darbiturratti fuulleffata. Kitaaba kanaaf akka yaada ka'umsaa kan naaf ta'e anumtis dubartii baadiyyaatti dhalattee guddatteedha. Jireenya dubartoota Oromoo baadiyyaatti dhalatanii sirrattan beeka. Yaadni kitaabicha barreessummoo kan naaf dhufe wagga kudhan dura yerooon Yunvarsiitii Adaamaatti baradhu abbaltii asoosama barreessuutu nuuf kennamee ture. Abbaltii sanaaf asoosama fuula 15 qabun barreessee ture. Barsiisaankoo asoosama sana hedduu jaallatee hamilees naaf kenne. Sanirraa ka'een anis asoosama kana maalifan gara kitaabaatti hin guddisu jedheeni kanin barreesse. BBC- Kitaabicha barreesitee maxxansuun hagam sitti fudhate? Abaaboo- Kitaaba kana barreessuu kanin eegale bara A L I 2002. A L I hanga bara 2005 ittuman gabbisaa, gulaalchisaas ture. Yaannikoo A L I bara 2006 maxxansiisee baasuudha ture garuu naaf hin milkoofne. Xaarii hedduu booda kitaabichi erga barreeffamee waggoota torba booda barana maxxanfamee bahe. BBC- Kitaabnikee kun dubbisaa akkamiitiif taha jettee yaadda? Abaaboo- Kitaabni kun seenaa jireenya dubartoota Oromoo baadiyyaatti dhalatanii bifa asoosamaatiin kan ibsu waan ta'eef dubbisaa adda hin baasu. Hundumtuu dubbisuu kan danda'udha. Irra caalaa garuu ijoolleen magaalatti dhalatanii guddattan dubartiin Oromoo baadiyyaatti dhalatte jireenya akkamii keessa darbiti kan jedhu hubannoo akka argataniif hedduu waan gargaaruuf isaaniif baayyee filatamaa ta'a jedheen yaada. BBC- Kitaaba jalqabaa maxxansiistanii hawaasaan gahuun miira akkamii namatti uuma? Abaaboo - Anaaf kitaabni kun ba'aan waggoota kudhaniif baadhee jooreedha. Amma maxxanfamee yoo bahu miira addaati kan natti uume. Gaafan dura mana maxxansaa galchee deebi'e miira gammachuutiin osoon hin beekin boo'aan ture. Anaaf akka ulfa yeroo dheeraaf baadhee daheeti kitaabni Sookkee kun. Kanaaf, hedduun gammade. BBC- Gama Ogbarruutiin fullduratti karoora akkamii qabda? Abaaboo- Sookkeen kitaaba kiyya jalqabaati. Adeemsi maxxansee bahu wagga dheeraa narraa fudhatus isuma qofa qabadhee taa'aa hin turre. Amma wixineewwan kitaabota afurii qopheeffadhee kanin harkaa qabu qaba. Gara fuula duraatti hojii Ogbarruu kanaan cimee bahuun barbaada. Kitaaba kiyya jalqabaa kana uummanni akka sirritti naaf beekee dubbisaan argatuuf jechas torbee tokko gidduutti sagantaa eebbaa giddugala aadaa Oromootti qopheessaan jira. Shamarreen waa'ee Irreechaa kitaaba barreessite maal jettii?
oduu-56226852
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56226852
Kitaaba dagaagina sammuu ijoolleef ooge Malkaa Og-Afaan Oromoo
Kitaabni mata-dureen isaa 'MALKAA OG-AFAAN OROMOO' jedhu Guraandhala 2021 Naayiroobii, Keeniyaatti maxxanfamee tibbana eebbifameera.
Barreessaan kitaaba haaraa fuula 142 qabu kanaa barsiisaa Huseen Baanataa, akkuma malkaan waan hedduu of keessaa qabu kitaabichis afoolota Afaan Oromoo gara garaa waan of keessaa qabuuf mata-duree kana baasuufii dubbata. Og-Afaan Oromoo jechuun ammoo wantoota namoonni ogummaa afaaniin daddabarsaa as gahan ykn Afoola Afaan Oromoo jechuudha jedha Huseen. Qabiyyeen kitaabichaa irra caalaan afoola yommuu ta'u, boqonnaawwan kudhanitti qoodameera. Isaanis: Sololiyaa Morma isii Shar, Hibboo Oromoo, Hibboon Xar, Hiika Mammaaksaa, Jechama Miliquu, Uruursa Daa'immanii, Sheekkoofi Oduu Durii, Takkaan Maali?, Walaloo Faaruu Looniifi Walaloo Weelluu Jaalalaati. Afoolli maal, maaliif oola? Akka hayyoonni afoolaa jedhanitti, afoolli muuxannoo jireenyaati. Afoolli akkuma maqaan isaa ibsutti hambaa abaabileefi akaakileerraa afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufedha. Yaada, falaasama, aadaafi duudhaa ilma namaa ifa baasa. Akkasumas, gammachuufi gadda, jaalalaafi jibba, amantaafi shakkii, jabinaafi dadhabina, fedhiifi hawwii hawaasa tokkoo waan ifa baasu jedhu. Afoolli ykn Og-Afaan jedha, barreessaan kitaaba 'Malkaa Og-Afaan Oromoo' barsiisaa Huseenis, aadaa ummata tokkoorratti hundaa'uun isa afaaniin uumameefi qindeeffame dhalootarraa dhalootatti afaaniin ykn og-afaaniin darbaa dhufedha jedha. "Afoolli afaaniin yeedaloon kennameefii ykn osoo hin kennamiiniif kalaqa ogummaa dhimmoota hawwaasummaa gargaarurratti xiyyeeffachuun kan dhiyaatudha. Kunis aadaa, dudhaa, safuu, seenaafi eenyummaa hawaasa tokkoo callaqqisiisuuf humna guddaa kan qabudha," jedha. Afaan Oromoo afoolaan dureessa ta'uufi dilbii bara dheeraa qabaachuusaa seenaa, aadaafi ilaalcha sabichaa ilaaluun hubachuun ni danda'ama jedhu hayyoonni dhimma kanarratti qoratan. Afoolli Afaan Oromoo hangam guddaa akka ta'eefi jaallatamaa akka ta'e akka sirbameefillee sirba Artist Alii Biirraa yaadachuun ibsa barsiisaa Huseen. Akaakuuwwan Afoola Oromoo hedduu jiran keessaa kitaabni Malkaa Og-Afaan Oromoo kun hunda caalaa kanneen sammuu ijoollee qaran, dandeettiiwwan bu'uuraa afaanii ijoollee cimsan, kan ijoollee hawaasaafi naannoo, aadaafi safuu hawaasaa ofii ganamarraa jalqabanii barataa gargaarurratti fuulleeffata. "Kitaabni kun caasaa hawaasa gara garaatiif kan gargaaru ta'ee, keessattuu bilchina xiin-sammuu ijoolleef daran fayyaduu bira darbee Afoola Oromoo adda addaatiin dhaloota barsiisuuf shoora ol-aanaa qaba," jechuun kitaabichi addatti eenyuun akka gargaaru hima Huseen. Kitaabni isaa kun waggoota sagal dura biyyatti yeroo hojii barsiisummaarra ture akka qophaa'e kan dubbatu Huseen, sababii hanqina maallaqatiif hin maxxanfamiin turuu hima. Ammallee sababuma hanqina baajataatiin afoola hedduu irraa hambisee fuula kitaabichaa hir'isuun akka maxxansiise BBCf ibseera. Kitaabicha maaltu adda godha? Xiyyeeffannaa addaa ijoolleef kennuun: Akaakuu afoolaa hedduu Afaan Oromoo qabu sirna barnootaa keessa galuun ijoolleen umurii ganamaarraa kaasanii barachaa akka guddataniif bifa kitaabaan akka qopheessa seensa kitaabichaarratti ibseera barsiisaa Huseen. Fakkeenyaaf, qabiyyee kitaabichaa keessaa 'Sololiyaa Morma isii Shar!' kan jedhu tooftaa ittiin akka ijoolleen saffisaan waa xiinxalaniifi dandeettii waa yaaduu isaanii cimsuuf gargaara. Qabiyyeen kitaabichaa keessaa Hibboonis daa'imman wantota naannoosaaniitti argaman qoratanii akka baran gochuudhaaf bifa gargaaruun dhiyaate. Taphni 'Hibboon Xar' jedhamu kan bakka tokko tokkotti ammoo 'Hibboon Teetee' jedhamus gosa hibboo ta'ee akka ijoolleen hollaafi hawaasa naannoo isaanii baran gargaara. Gosti tapha ijoollee kitaabichi of keessatti qabate 'Takkaan maal?' jedhus akka itti ijoolleen lakkoofsa barachaa guddataniif bifa gargaaruun afoola uumamedha. Sheekkoofi Oduun Duriis dandeettii seenessuu ijoollee gabbisaa. uumama naannoo isaanii, akkasumas ilaalcha hawaasaa barachaa guddatan akka kan gargaarudha. Seeraafi adeemsa afoolaa hordofuun dhiyaachuu: Akaakuuwwan Afaala Oromoo yoomessa (yoomiifi eessatti) akka faayidaarra oolan qabu; akkasumas yeroo dhimma itti ba'aman seeraafi adeemsa hordofaman qabu. Afoola keessatti namoonni lamaafi isaa ol ta'uun 'gaafataafi deebisaa ykn dubbataafi dhaggeeffataa' ta'uun hirmaatu. Isa gaafatuufis ta'e isa deebisuuf seerri kabajan ykn adeemsi hordofan jiru. Kitaabni Malkaa Og-Afaan Oromoo tokkoo tokkoo afoola keessatti ga'een nama gaafatuufi deebisuu maal akka ta'e, akkasumas adeemsiifi tartiibni hordofamuu qabu maal akka ta'e qajeelootti ibseera. Adeemsa hibboo akka itti gaafatan, akka itti barbaadan, akki itti eebbifatan wal-duraa duubaan dhiyaateera kitaabicha keessatti. Adeemsa ittiin hibboo eebbifatan akka fakkeenyaatti yeroo ibsu barsiisaa Huseen, hibboon bifa gaaffiifi deebiitiin namoota/gareen lamaan kan gaggeeffamu yommuu ta'u, lamaanuu seera eeganiifi adeemsa hordofan qabu jedha. Namni hibboo gaafatame akka inni deebii soqachuu danda'utti carraan ni kennamaaf jedha barreessaan kun. Namni deebii hibboo soqatu yeroo deebiitti kalaa'utti afaan afoolaatiin 'Mootaan gale' jedhama. Namni hibboo gaafatame sun yoo deebii dhabe ykn yoo 'Mootaan hin galle' garuu gaafataadhaf lafa ykn biyya kennaaf jechuun seera tapha hibboo ibsa Huseen. Namni deebii hibboo wallaaluu isaatiin lafa gaafataaf kenne akka seera hibbootti abaaramuu danda'a. Garuu dursee 'dammaan si qabe' yoo jedhe gaafataa sanaan abaaramuu ooluu danda'a jedha. Abaarsi nama hibboo deebisuu dadhabeef walaloodhaan qindaa'ee jira. Yoo namichi hibboo gaafatamee deebii dhabe sun lafa isa gaafatuuf kennee dammaan siqabe hin jedhiin akkas jechuun abaaruu danda'a. Fakkeenyaan yeroo ibsu namichi yoo magaalaa/biyya Asoosaa jedhu kenneef: 'Asoosa tiyya diir jedhii natti gali, Harooressaan bobbaafadhe, Haroo waaqaa obaafadhe, Ganamaafi galgala adiin boolloo, Galgalaa ganama yaadda'i, Boolloo halala lakkaa'i, ...akkasuma jechaa itti fufa. Moonaa kiyya gorbii iddii, Moonaa kee boombii xii...jedhee itti fufee abaaruu danda'a. Kanaaf, akka hin abaaramne yoo barbaade deebii argachuu yaala, ta'uu baannaan dafee 'dammaan siqabe' jedhee dammaqee eeggachuun abaaramuu ofirra dabasa jechuun seerota hibboo ittiin eebbifatan ibsa barsiisaa Huseen. Hibboo keessatti sirna soqannaa kan jedhamus jira. Kana jechuun namichi hibboo gaafatame yeroo deebii soqachaa jiru yeroo inni deebiitti kalaa'utti akka inni bakka biraa hin deemne gargaaruu jechuudha. Fakkeenyaaf, hibboon gaafatame yoo gosa nyaataa ta'e akka inni naanna'aa sanirraa hin fagaanneef gochuudhaaf ni gargaarama. Hibboo…… hibbakka Abboon bullukkoo maratee ciisa………deebiin isaa boqqolloodha ykn asheeta boqqolloodha. Yeroo kana namni boqolloo ta'uu isaa yoo hin argatiin garuu itti dhiyaatee 'qamadii' jedhe akka inni naannoo sanarraa osoo hin fagaatiin midhaan keessa akka inni turu akkasiin taasifama: 'Qamadii qamadiin buusee, Garbuu garbuun buusee, Xaafii xaafiin buusee, … akka inni gara biraa keessa soquu hin deemneef haalli ittiin godhamaa deemu seera hibboo sana keessa jira. Mala hirmaachisaa ta'een dhiyaachuu: Kitaabicha keessatti mala barreessaan akka dubbistoonni hubatan gochuuf fayyadame hirmaachisaa (interactive) fi qabatamaadha. Kitaabonni kanaan dura afoola irratti barreeffaman akkasumaan funaanamanii kan dhiyaatan waan ta'eef, adda godhee barreessuuf akka yaale hima Huseen. TBarsiisaa Huseen tokkoo tokkoo afoolaa barreesseef kaayyoo barachuun barbaachisuuf ibsuun, gaaffileen shaakalaa hirmaachisoo ta'aniin dhiyeesseera. Yaada hayyoonni kitaabicharratti kennan Yaadni namoota sadii kitaabicha dubbisanii qolasaa duubaarratti bahe akka itti aanu kanatti dubbifama. Barsiisaa Huseen Baanataa Afoola Oromoo gara barreeffamaatti jijjiiruun dhalootaaf akka darbu taasisuu keessatti gahee isaanii akka bahataniif hayyootaaf dhaamsa dabarsaa, ofii isaas hojii kana cimee akka itti fufu dabbata. Kana malees, Oromoota biyyoota biroo Afaan Oromoo dubbatan garuu dubbisuufi barreessuu hin dandeenye hojii gargaaru karoorfatee akka jiru himeera.
oduu-55840787
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55840787
Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoo biyyaalessaa keessaa bahu hin murteessine jedhe ABO’n
Dhaabni mormituu waggaa lama dura biyyattii deebi'eefi yeroo garaagaraatti mootummaa waliin waldhabaa ture, ABO'n, filannoorratti akka hin hirmaanneef mootummaan danqaa nutti ta'e jechuun himate.
Boordiin filannoo biyyaalessaa karoora baaseen duulli filannoofi galmeen kadhimamtoota filannoos eegaleera. Paartii biyya bulchu dabalatee paartileen mormituu kaan duula filannoo eegalanis Addi Bilisummaa Oromoo fi Kongirasiin Federaalistii Oromoo garuu rakkoo himatu. Guyyaa kaleessaa, Jimaata, miidyaa Jarman Deutsche Welle tajaajila Afaan Amaaraarratti kan dubbatan Dura taa'aan ABO Obbo Daawud Ibsaa filannoorratti 'hirmaachuu hin dandeenyu' jedhaniiru. ''Biiroon tokko banaa bakka hin taanetti, waajjirri muummee to'atamee osoo jiruu akkam gooneeti dorgomtoota filannoo galmeesisuu dandeenya. Karaan hunduu nutti cufameera. Hirmaachuu hin dandeenyu,'' jedhan. Waa'ee dhimma kanaa sagantaa raadiyoo BBC Afaan Oromoo irratti kan gaafataman Obbo Daawud ''Guyyaan galmee kaadhimamtootaa dhumataa jira. Sanaaf immoo mootummaan block gochaa [nu ittisaa] jira kan jenne,'' jechuun himan. Dhaabbileen kuni hogganniifi miseensonni isaanii hidhamuufi waajjiraaleen isaanii cufamu ibsuun filannoo keessa hirmaachuu akka rakkatan irra deddeebbiin ibsaniiru. Mootummaan himannaa kanaaf deebii kenneen kanneen hidhaman ilaalcha siyaasaa isaaniif osoo hin taane yakkaan shakkamanii akka ta'e ibsa. Ta'us, filannoorraa bahuurratti hin murteessine jedhaniiru Obbo Daawud. ''Filannoo keessaa baane jennee hin labsine.,'' jechuun ''Sichi adeemsa qaba. Jara waliin mari'annu jira,'' jedhan. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Ministirri Muummee Abiy Ahimad bara 2018tti gara aangootti dhufuu hordofuun gara biyyaatti deebi'uun karaa nagaatiin siyaasa keessatti hirmaachaa akka jiru hima. Bara 1973 hundaa'uun qabsoo hidhannoo akka eegale kan himamu ABO'n, qabsoo hidhannoo mootummaa Dargii fonqolchuuf taasifame keessaa qooda qabaachuu qondaalonni dhaabichaa ni dubbatu. Kufaatii Dargiin booda paartilee siyaasaa kaan waliin ta'uun mootummaa ce'umsaa hundaa'e keessatti qooda fudhachaa kan ture dhaabichi, shira siyaasaa TPLF irratti raawwateen mootummaa cehumsaa keessaa akka bahu dirqamuun gara qabsoo hidhannootti deebi'uu himu hogganoonni dhaabichaa. Barkurnee lamaa ol booda jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhufe hordofee MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuun booda gara biyyaatti deebi'e. Haa ta'u malee gara biyyaa deebi'ee osuma baay'ee hin turiin dhaabichi mootummaa waliin atakaaroo siyaasaa keessa seene. Hayyu dureen ABO Obboo Daawuud Ibsaa, dhiibbaan amma mootummaan dhaabicharraan gahaa jiru jedhan kan bara Chaartaraa sana waliin wal fakkaata jechuun BBC'tti himan. ABO attamiin biyyaa bahee, attamiin deebi'ee? ''Bara 1992 yeroo Chaartariitti sana sochii ABO'n Oromiyaa fi siyaasa biyyichaa keessatti gochaa ture ilaaluun TPLF ol aantummaa humna waraanaa fi siyaasaa harka isaa galfachuun tarkaanfii gurguddaa nurratti fudhate'' jedhu Obbo Daawud. Hoggansa hidhuu fi doorsisuu, humna waraanaa dhaabichaa haleeluu, xumura irratti ammoo waajjira muummee dhaabbichaa saamsuun hanga dhaabichi biyyaa bahutti qaqqabsiisuu dubbatan. Itti aansee ammoo hanga ADWUI aangoorra turetti dhaabbicha tarree shororkeessitootaa keessa akka galu taasifame jedhu. ABO'n erga Ministirri Muummee Abiy Ahimea bara 2018 gara aangootti dhufaniin as dhaabota siyaasaa biyya ambaa irraa gara biyyaatti galuun karaa nagaa sochii siyaasaa akka taasisan afeeraman keessaa isa tokko. Pireezidantiin duraanii naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Ministira Haajaa Alaa duraanii Dr Warqinee Gabayyoo Hagayya 6 bara 2018 Eertiraa magaalaa Asmaraatti imaluun Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa fi jilaa isaanii waliin mari'atan. Imala isaaniin guyyoota lamaan dursee ammoo paarlaamaan Itoophiyaa ABO fi dhaabbilee kaan galmee shorokeessummaa irraa haqe. Haaluma waliigaltee mootummaa waliin taasifameenis ABO'n waraana isaa Eertiraa ture 1,300 tahu mootummaa Itoophiyaatti kennuun, hoggansi dhaabbichaas waggoota 25 booda gara biyyaatti gale. Haa ta'u malee osoo oolee hin bubbuliin ABO fi Mootummaan Itoophiyaa quba walitti qabuu jalqaban. Ammatti hoggansii fi miseensoonni dhaaba kanaa hedduun hidhamuun filannoof qophaa'uuf rakkoo akka itti tahe himu Obbo Daawuud. Dr Warqinee Gabayyoo, Obbo Daawud Ibsaa fi Obbo Lammaa Magarsaa Asmaraatti, Hagayya 8 bara 2020 'Filannoo irraa nu dhiibaa jiru' Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa bara darbe gaggeeffamuuf ture sababa Covid-19n dabarsite Caamsaa dhufu gaggeessuuf akka jirtu boordiin filannoo biyyaalessaa beeksisun isaa ni yaadatama. Erga 1992 as ABO'n filannoorratti hirmaachuuf qophii yoo taasisu kun kan jalqabaati. Haa tahu malee miseensonnii fi hoggansi hedduun jalaa hidhamuun walqabatee hirmaannaa filannoo kanaa ilaachisee yaaddoo akka qaban Obbo Daawud ni dubbatu. ''Akkuma biyyatti gallee kaasee akka hin galmoofne danqaa guddaatu ture. Iyyata galfannee waggaa tokko boodatti waraqaa ragaa arganne." "Sochii siyaasa nagaa gochuu hin dandeenye. Hidhaa hoggantootaa fi miseensotaa akkasumas waajjirri cufamuun itti fufe. Kanuma keessa taa'uun kora gaggeeffannee ulaagaa barbaachisu guunnee kan galmoofne.'' Obbo Daawud hogganoonni dhaabbichaa ol aanoo fi kan godinaalee 178 ta'an hidhamu BBCtti himan. Waajjirri isaanii muummee kan Gullalleetti argamu erga Waxabajji 25, 2020 kaasee poolisiin cufamee eegamaa jiraachuu himan. Haaluma gabaasa of harkaa qabaniin godinaalee hanga aanaaleetti wajjiraaleen dhaabichaa 103 cufamusaanii himu Obbo Daawud. ''Filannoo bara kanaarratti hirmaachuuf waan lama guutamuu qabu. Tokko waajjirri keenya cufame hunduu banamuu qaba. Lammaaffan hoggantoonni, deeggartoonnii fi miseensonni keenya gita hojii adda addaa irra turan hiikamuu qabu,'' jedhan. Gaaffii yoo ulaagaalee kunneen guutamuu baatan filannicharraa hafuu dandeessuu? jechuun dhiyaateefis, Obbo Daawud ''Yoo didan miseensotaa fi uummata mariisisuun yeroo sana murteessina'' jedhan. Mootummaan maal jedha? ABO'n xalayaa dhiheenya boordii filannoo biyyaalessaaf barreesseen humnoota nageenyaa mootummaatiin dhiibbaan irra gahaa jiraachuu fi waajjirri isaa bakka adda addaa jiru cufamuu ibsee ture. Wayita yeroo filannoon itti gaggeeffamuu dhiyaachaa dhufe kanattis dhaabichi hojii isaa idilee hojjechuu akka hin dandeenye dabaluun xalayicha keessatti ibse. Obbo Daawud rakkoo kallattii hedduun dhaaba isaaniirra gahaa jiruu hunda Boordii Filannoo Biyyaalessaatti beeksisaa turanilleen deebii gahaa akka hin arganne himu. Komii dhaabbichi kaasu kanarratti yaada boordichaa argachuuf irra deddeebiin bilbillus milkaa'u hindandeenye. Haa ta'u malee gorsituun komunikeeshinii Boordii Filannoo Itoophiyaa Soliyaanaa Shimallis dhimma wal fakkaataa irratti gaafatamanii 'komiiwwan tokko tokko paartileen dhiyeessan gahee boordichaa wallaaluu irraa madda' jechuun hogganoota hidhaman hiksisuu fi waajjiraalee cufaman bansiisuun gahee boordichaa akka hin taane amma dura BBC'tti dubbatanii turan. Obbo Daawud deebii gaaffii isaanitiif boordichaan kennameef akkasin BBC'tti himan. ''Deebiidha jedhanii xalayaa poolisiitti barreessanii fi kan poolisiin isaaniif deebise barreesseef nuuf ergaa turan. Poolisiinis waajjira gaafatamnee cufne jechuun deebiseef,'' jedhan. Akkasumas komii waajjiraalee cufamuu paartilee mormituu Oromiyaa keessaa ilaalchisee, BBC'n hogganaa Qunnamtii Uummataa fi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa gaafateera. Dr Biqilaan Itoophiyaa keessatti ajjeechaa hoggantootaa gurguddoo dabalatee yakkoonni hedduun raawwachuu yaadachiisanii, manni murtis namoota yakkoota garaagaraan shakke qulqulleeffachuuf hidhaa turuu himan. Itti dabaluunis kun siyaasaaf jecha miti jedhan. Haa ta'u malee yeroon qoratanii murtoo kennuurratti sirni haqaa biyyattii ''qulqulluudha jechuun ulfaata, duubatti hafaadhas'' jedhan. Walaba tahanii akka hojjetanii fi namoota gadhiifamuu qaban yeroon akka gadhiifaman, kanneen murtoo argachuu qaban qoratamuun murtoo haqaa akka argatan gochuurratti cimsuu barbaachisa jedhan. Hidhaan paartileen mormituu kaasanis adeemsuma kanaan wal qabachuu himan. Ta'us ammoo bakki itti ''siyaasa wal aarsuu'' adeemsifamuun hoggansi gara gadii, obsaan wal bira darbuu dadhabuun waajjiraalee cufuun namootas itti hidhan jiraachuu akka danda'u hin dhoksine. Kun bakka mudatetti hiikamuu qabas jedhan Dr Biqilaan. Paartiin Badhaadhinaa tibbana bakka boordiin filannoo biyaalessaa fi paartileen morkattootaa argamaniitti marii gaggeessuu kan himan Dr Biqilaan, manni maree waliinii tokko hundaa'aa jiraachu dubbatan. Manni maree waliinii kunis paartilee mormitootaa kan hirmaachisee fi waajjiraalee cufamanii fi rakkoolee gara gadiitti mudatan irratti dubbachuun ni hiikas jedhan. Waamicha mootummaa cehumsaa ABO fi filannoo Dhaabni ABO tibba darbe mootummaa Ce'umsaa Oromiyaa labsuun, itti aansuunis ibsa kennaa ture. Gama tokkoon mootummaa ce'umsaa labsaa gama biraan ammoo filannoo irratti hirmaachuun wal hin faallessuu? jechuun BBCn Obbo Daawudiin gaafatee ture. ''Biyyattii keessatti lolli bakka hedduu jira. Komandi postiinis akkasuma. Kanaafu rakkoo dhufu hambisuuf yaada motummaa ce'umsaa dhiyeessine." "Biyyi karaa hedduu nagaa dhabaa jirti. Rakkoon Tigraay, Oromiyaa, Benishaangul, Koonsoo fi kaanis waan jiruuf, rakkoo kana fura jenneeti labsine,'' jedhan. ''Amma koreen ijaaramee uummanni akka murteeffatu goonee jirra. Kanaaf filannoo waliin wal utuba malee wal hin faallessu,'' jedhan Obbo Daawud. Simannaa ABO Dirree masqalaatti, Fulbaana17 bara 2018 Tarii carraan bara Chaartarii sun ammas mudachuu malaa? Dureen dhaaba kanaa akka jedhaniitti erga gara biyyaatti deebi'anii waggoota lamaan darbaniif akkuma bara Chaartarii sana dhiibamaa jiraachu himu. Kanaafii gaaffii dhaabichi tarii akkuma bara Chaartarii sana filannoo baranaa keessaa bahuu danda'aa? jechuun gaafatamaniif, Obbo Daawud akkas jedhan: ''Bara Chaartarii ABO'n Oromiyaa keessatti deeggaraa hin qabu jedhanii chartara seensisan. Yeroo gabaabaatti filannoon yaalii gaggeeffamee % 94n mo'ate. Finfinnee keessatti barcuma 12 ol argate. Kun isaan rifachiise.'' Booda ''waajjira cufuu, deeggartootatti dhukaasuu, hidhuu, bakka waraanni jirutti haleeluun shororkaa uumaa turan. Waraanni kaampii akka galu waliigalame. Mootummaan Eertiraa fi ambsaadarri Ameerikaa bakka jiraniitti, tole jennee mooraatti deebisnaan ammoo didanii lola banan,'' jedhan Obbo Daawud. Kanumaan warri as jirtan biyyaa bahaa, kaan silaa lola seenani jechuun humnaan dhiibamnee biyyaa baane jedhan. ''Ammas waggoota lamaan darbe kanumatu nurratti yaalame'' jechuun haala amma dhaabni isaanii keessa jiru BBCtti himan.
oduu-53684943
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53684943
Dhaddachi qorannoo duraa maali?, Golgaa duubaa ragaa bahuun hoo?
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa ramaddii Araadaatti dhaddachi yakkaa tokkoffaa oolmaa isaa Hagayya 06 2020n Jawar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa dabalatee namoota 14 irratti qorannoon duraa ykn 'preliminary investigation' abbaan alangaa iyyate akka adeemsifamu murteesseera.
Amma dura poolisiin jecha ragaalee fuudhuu dabalatee hojiilee qorannoo kaan rawwaachaa turuu fi kanas goolabuu himuu eeruun galmeen qorannoo dura banamuun akka hin barbaachifne abukaatonni mormanis manni murtii yaada abukaatotaa kuffiseera. Bu'uuruma kanaan dhaddachi qorannoo duraa gaggeessu ragaalee abbaa alangaa dhagahuuf Wiixata Hagayya 10 bara 2020 sa'aa 7:30 irratti beellama qabateera. Dhaddacha qorannoo duraa ykn 'preliminary inquiry' Wiixata eegalurratti ragaalee abbaan alangaa dhiyeeffatu keessa 5 eenyummaan isaanii osoo hin baramiin golgaa duuba taa'anii akka jecha kennan abbaan alangaa gaafatee manni murtiis hayyameera. Maalummaa dhaddacha qorannoo duraa fi barbaachisummaa namoota golgaa duuba kaa'anii ragaa akka bahan gochuu irratti gaaffii hedduutu ka'aa jira. Dhaddachi qorannoo duraa maali? Qorannoon duraa ykn 'preliminary inquiry' seera adaba yakkaa Itoophiyaa keewwata 80 jalatti tumamee akka jiru himu ogeessi seeraa fi pireezidantii mana murtii waliigalaa Oromiyaa kan turan Obbo Tashaale Abarraa. Seerri adaba yakkaa Itoophiyaa seerota biyyoota akka Ameerikaa fi Firaans irraa waraabame kan jedhan ogeessi seeraa kun biyyoota kanneen keessatti dhaddachi qorannoo duraa ragaalee abbaa alangaa erga dhaggeeffateen booda ragaaleen kunneen shakkamaa himachiisuuf gahaa miti jedhee yoo amane bilisaan gadi dhiisuu ni danda'a jedhu. Itoophiyaatti garuu dhaddachi qorannoo duraa kun ragaalee namaa fi sanadaa abbaan alangaa dhiyeeffatu galmeessee ol kaa'uuf qofa kan hundaa'udha jedhu Obbo Tashaalen. Abukaatoo fi gorsaa seeraa kan ta'an Obboo Taammiraat Kidaanemaariyaam keewwatni seera adabbii yakkaa kun mootummoota akka Hayilasillaasee fi Dargii keessaa malee yeroo dhiyoo as hojiirra oolee akka hin beekne dubbatu. Ragaaleen abbaa alangaa yeroo himanni banamutti mana murtiitti dhiyaatanii jecha kennuu hin danda'an yoo ta'e, ni badu ykn biyyaa bahu ykn ammoo duu'uu danda'u jedhamee kan sodaatamu yoo ta'e dhaddacha qorannoo duraa irratti jechi isaanii fuudhamee ol kaa'ama jedhan. Maaliif barbaachise? Qorannoon duraa ykn 'preliminary inquiry' kan irratti tumame keewwatni 80ni seera adabbii yakkaa Itoophiyaa hin barbaachisu 'redundunt' jedhamee kan dhiifame ture jedhu Obbo Tashaalen. Sababni isaa adeemsi qorannoo yakkaa idilee sana bakka bu'uu hojiirra oolaa jiru jiraachuu dubbatu. Innis, "namni yakkaan shakkame eeruun poolisiif kennama, poolisiin galmee banee dhimmicha qulqulleessuu jalqaba, qorannoo yoo xumuru abbaa alangaaf dhiyeessa, abbaan alangaa qorannichi guutuudha jedhee yoo itti amane mana murtiitti dhiyeessee himata irratti bana" jedhan. Mana murtiitti ragaan abbaa alangaa akkasumas ragaan himatamaa dhagahamee manni murtii falmii godhamurratti hundaa'uun murtii kenna jedhan. Sababa kanaaf dhaddachi qorannoo duraa barbaachisaa miti jedhamee kan dhiifamee tureefi manni murtii fi abbootii seeraas kan muuxannoo irratti hin qabnedha jedhu. Adeemsa qorannoo yakkaa idileen shakkamtoota kana dhimma isaanii ilaaluun osoo danda'amuu qorannoo duraa gaafachuun dhimmicha lafarra harkifachiisuuf darbees ammoo yakki raawwatame guddaa ta'uu nama amansiisuuf fakkaata jedhu Obbo Teshaalen. Obbo Taammiraat garuu dhaddachi qorannoo duraa dhimma lafarra harkifachiisuu caalaa ragaaleen hundi dhiyaatanii akka jecha kennan gochuun faayidaa qaba jedhu. Eenyutu irratti argama? Galmeen qorannoo duraa gaaffii abbaa alangaan erga banameen booda mana murtiitti dhaddachi abbootiin seeraa, abbaan alangaa fi poolisiin akkasumas shakkamaan abukaatoo isaan bakka bu'ee argama jedhu Obbo Taammiraat. Ragooliin dhihaatanii dhimma shakkamtoonni ittiin himataman irratti waan ni beekan jedhan ragaa bahu, sunis abbootiin seeraa galmeessanii ol kaa'u jedhan. Akka Obbo Taammiraat jedhanitti wayita ragaaleen jecha ragummaa kennan shakkamtoonni ykn abukaatonni isaanii gaaffii qaxxaamuraa jecha ragaa irratti qaban gaafachuu ni danda'u. Obbo Teshaale Abarraa akka jedhanitti garuu dhaddachi qorannoo dura dhaddacha ragaan itti sassaabamu malee kan falmiin itti gaggeeffamu waan hin taaneef shakkamtoonni ykn abukaatonni isaanii gaaffii qaxxaamuraa akka gaafatan hireen kennamuufii dhiisuu mala jedhu. Ragaan achitti sassaabame gaafa himatni banamee falmiin eegalame kan gaaffiin qaxxaamura irratti ka'u jedhu Obbo Teshaalen. Haa ta'u malee abbootiin murtii dhaddacha qorannoo duraa kana ilaalan shakkamtoonni ykn abukaatonni isaanii gaaffii qaxxaamuraa ragaalee abbaa alangaa irratti akka kaasan hiree kennuuf aangoo qabu jedhan. Qorannoo duraa ykn 'preliminaru inquiry' ka jedhamu kun waan dhiifamee ture waan ta'eefi manneen murtii muuxannoo gahaa waan irratti hin qabneef wanti ta'uu hin beekamu jedhu Obbo Teshaalen. Golgaa duubaa ragaa bahuu Dhaddacha qorannoo duraa ykn 'preliminary inquiry' Wiixata eegalu kanarratti ragaalee abbaan alangaa keessa namoonni 5 eenyummaan isaanii osoo hin baramiin golgaa duuba taa'anii jecha kennu. Adeemsi ittiin ragaa baatonni eenyummaan isaanii dhokfamee, golgaa duuba ykn kutaa biraa keessa taa'anii jecha kennan jiraachuu kan himan Obbo Taammiraat, kuni nageenya nama ragaa bahu sanaa tiksuuf akka ta'e himu. Haa ta'u malee ragoonni golgaa duubaa jecha akka kennan gochuuf sababni amansiisaan jiraachuu qaba jedhu. Eenyummaa namoota ragaa bahan kanaa mana murtii fi abbootii alangaa qofatu beeka kan jedhan Obbo Tashaale Abarraa, shakkamtoonni fi abukaatoowwan isaanii akka beekan hin hayyamamuufi jedhu. Golgaa duubaa akka ragaa bahan kan taasifamuuf namoota kana shakkamtoota jalaa dhoksuufi jedhu Obbo Teshaalen. "Shakkamtoonni ragoolii kana ni sossobu, ykn ni sodaachisu ykn ammoo ni ajjeesu yaada jedhuun, ragoolii tiksuufi" jedhu. Dhaddachi qorannoo duraa erga xumurameen booda himatni banamee falmiin yoo eegalu eenyummaan namoota kanaa akkuma dhokfametti tura jedhan. Namni wayita ifatti ragaa bahuu fi dhokatee ragaa bahu gara garaa kan jedhan Obbo Teshaaleen, gaaffii himatamtootaa ykn abukaatoowwan isaaniirratti hundaa'uun tarii manni murtii tarii ragooliin kunneen qaaman argamanii akka ragaa bahan ajajuu mirga ni qaba jedhan.
oduu-56804451
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56804451
Joy Liigon: Nama waggaa dheeraaf mana sirreessaatti dabarse
Ameerikaatti ''sirreeffamaa waggaa dheeraa'' tokko tibbana bilisa tahuun mana hidhaatii bahe.
Joy wayita hidhamu nama waggaa 15 yoo ta'u amma umurii waggaa 83tti gadhiifame Joy Liigoon erga waggoota gara 70 tahan mana hidhaatti dabarsee bahee, maalif bilisa bahuuf waggaa hamma kanaa akka eegeefi jireenyasaa hafe akkamiin dabarsuu akka yaade irratti 'BBC World Service' waliin turtii taasiseera. Ani gonkuma qofaakoo hin turre, garuu qofaa galaan ture. Hamma danda'ame qofaakoo tahuun barbaada. Guyyaan qabamee hangan gadhiifametti waggoota hamma kanaaf kutaa tokko keessa qofaakoon ture. ''Waan akkasii namoota akka koo qofaa tahuu barbaadan gargaara. Ani nama takkaa mana hidhaa erga seenee balbala cufatee waanti barbaade alatti yoo tahe kan hin dhageenyee fi hin arginedha. Yeroo raadiyoo fi TV akka qabaannuuf nuu eeyyamame, sun filannookoo ture. Joe Ligon went to prison at 15 and was finally released aged 83 Haala hidhaa isaa kana hidhaa jireenyaa jedhanii waamuu wayya. Boquu isaa akka gadi cabsu, afaan isaa akka cufatu, balaa kam irraa iyyuu ala tahuun yeroo hidhaa isaa waggaa 68 keessatti mana cufaatti akka barate hima. Yeroo mana hidhaa isaa kana irraa soorama bahus, guyyaa xumuraa sana namni achitti hafe jira jedhee homaa isa hin yaaddessine. ''Achi keessaa hiriyaa homaa hin qabun ture. Alaas hiriyaa homaa hin qabu. Irra caalaa namoota itti dhiyaadhu garuu akka hiriyootakoo tahanittan isaan ilaala. Rakkoo hin qabnu. Walif gaarii turre,'' jedhe waa'ee turtii isaa yoo ibsu. Garuu jecha hiriyaa jedhu hin fayyadamu. Filannoo jecha akkasii kun nama akka koof waan baay'eedha. Namootni baay'een akkas jedhu [yoo ati..] hiriyaadha taate dogogora gurguddaa baay'ee hojjechuu dandeessa.'' Ligon jalqaba bara 1950 keessa gara Filaadelfiyaa deeme Liigon akkasumaan nama qofaa jiraatudha. Birmiingahaam kutaa Alaabaamaatti maatii Akaakayyuu isaa biratti kan guddate yoo tahu, yeroosisi hiriyyoota hin qabu ture. Maatii isaa waliin yeroo dabarsaa turee fi Dilbata irra ammoo maatii waliin waldaa keessatti yeroo akaakayyuun isaa biraa lallabu daawwachaa akka ture yaadata. Haadha isaa narsii taatee fi abbaa isaa mekaanikii tahe, obboleessa isaa quxisuu fi obboleettii isaa waliin yeroo umuriin isaa ganna 13 ture kan gara Filaadepfiyaatti imaluun achi jiraachuu jalqaban. Mana barumsaatti barreessuufi dubbisuu wallaaluun baay'ee rakkachaa ture. Akka hiriyoota isaa warra kaanii ispoortiis hin hojjetu, hin taphatus ture. ''Baay'ee hin bashannanu ture. Nama hiriyaa tokko yookaan lama qabun ture. Ani nama akkasiiti. Bakka namootni baay'een jiranis hin deemu.'' Abbaan Liigon mekaanikii yoo tahu haati isaa ammoo narsiidha Gaafa Ligoon ''rakkoo keessa gale sana'' Jimaata bara 1953 namoota isa waliin turanis hin beeku ture. Namoota akkasumaan beeku waliin wal argee isaan ammoo ollaa irra deemuun namoota dhuganii turan waliin walitti bu'aa turan. Namoota maallaqa wayinii dabalataa ittiin dhugnuufi waan biraaf itti fayyadamnu akka nuuf kennaniif gaafataa turre...'' Halkinichi gara jeequmsaatti jijjiiramuun, innis keessatti hirmaachuun namootni lama yoo du'an jaha ammoo waraanamuun madaa'an. Liigon nama jalqaba to'annaa jala oole ture. Buufata poolisiitti halkan sana eenyu akka isa waliin ture dhugaasaa himuu hin dandeenye. Inumaayyuu namootan lamaan duraan beekuyyuu maqaa isaanii hin beekun ture. Maqaa masoo isaaniin beeka ture.'' Ligoon akka jedhetti, naannoo mana jireenyaa daandii Roodmaan irraa fageeffamuun buufata poolisii tokkotti fudhatamee guyyaa shan tursiifame. Maatiin isaa isa dubbisuu deemanii yeroo dheeraaf dhorkamuun akka baay'ee isa aarsee tutre hima. Namni yeroo sana umuriin isaa ganna 15 ture, Liigoon yakka ajjeechaan himatame. Yakka kana haalaa turus gaaffiif deeebii miidiyaa Ameerikaa PBS jedhau irratti godheen nama lama waraanuun isaanuu lubbuun akka oolan amanuun gaabbii itti dhagahmes ibseera. "Poolisoonni jecha akka ani ajjeese agarsiisu akkan mallatteessuuf ibsu naaf kennuu jalqaban. Ani nama tokkoyyuu hin ajjeesne.'' Liigoon Kibba Filaadelfiyaa, maagaalaa hojjettootaa jedhamuun beekamtu keessa jiraata ture Peeniselvaaniyaan isteetota Ameerikaa jaha bakkeewwan hidhaan namatti murame irraa dhiifamaan xiqqatu hin qabnedha. Liigonis yakka balleessaa lama irratti dhiyaate dhaggeeffachuun abbaan seeraas balleessaa lama irratti argachuun yakki ajjeechaa sadarkaa jalqabaa irrayyi murame. Ol adeemaan kun hidhaan umurii guutuu irratti darbuu mana murtiitti dhiyaachuun hin dhageenye ture. Hidhaa hammamiin akka adabame osoo hin bariin mana hidhaa gale. Sana boodas nama gaafatee bare hin qabu ture. ''Maal akkan gaafachuu qabullee hin beeku ture. Amanuuf baay'ee ulfaataa akka tahe nan beeka. Garuu dhugaa ture,'' jedhe Liigoon. Akkan yeroof turu beeka. Garuu umuriikoo guutuu mana hidhaa keessa turuu waan jedhu homaa hin beekun ture. Hidhaa umurii guutuu dhiifama malee jedhus dhagahee hin beekun ture.'' ''Ijoollee tahee hammam akkan miidhamen sitti hima. Barreessuuf dubbisuu hin danda'u. Maqaakollee sirriiti qubeessuu hin danda'u. Maqaan koo Joy tahuu nan beeka. Hamman yaadadhutti akkasitti akkan waamamaa turen beeka waan taheef.'' Liigon mana hidhaa kan seene burjaajja'aa malee sodaachaa akka hin taane hime. Waan guddaan sammuu isaa keessa tures dhimma maatii tahuu hime. ''Isaan irraa adda bahuu, qofaatti manni natti cufamuu.'' Akka hidhamaa AE 4126 tokkootti Liigoon mana hidhaatii bahuuf waggaa meeqa akka isa hafu gaafatee hin beeku. Waggoota 68darbaniif manneen hidhaa jaha keessa tureera. Jireenya hundumaa isaaniittiyyuu akka hidhamaa tokkootti itti madaquun dabarse. ''Barii sa'a 6:00 yookaan 12:00tti sagalee guddistuun hundinuu ka'a. Erga lakkaa'amnee booda sa'a 1:00 irratti cireen nyaatama. Sa'a 2:00 irratti ammoo gara hojiitti bobba'ama.'' Liigon yeroo tokko tokko mana nyaatni itti bilchaatuufi mana huccuun miicamu keessa hojjeta ture. Irra caalaan hojii isaa qulqulleessuu yoo tahu, jireenyi mana hidhaa akka adunyaa laa sana yeroo yerootti waan jijjiiramu hin qabu. ''Qoricha sammuu hadoochu hin fayyadamu, dhugaatii hin dhugu, waan akka namni wal ajjeesu godhus hin hojjedhu, akaksumas mana hidhaa keessaa miliquuf yaalee hin beeku. Namas hin rakkisu,'' jechuun turtii isaa hima. ''Hamma danda'ametti nama gaarii taheen turuuf yaale. Manni hidhaa waan na barsiise keessaa tokko kaayyoo koo baruudha. Hamma danda'ametti rakkoon bakka jiruu fagaachuu.'' Liigoon erga hidamee waggaa 53 booda abbaan seeraa isaa isa arguu akka barbaadu itti himame. Yeroo sana Peeniselvaaniyaan hidhamaa araara malee jiru 525 haaluma Liigon kanaan qaba ture. Kun US keessaa isa ol aanaa yoo tahu Filaadelfiyaan 325 qaba. Liigon isaan keessaa nama waggaa dheeraa hidhamedha. Gargaaraan abbaa seeraas isa qunnamuuf haala mijeesse. Waa'ee hidhaa isaa kana hin beeku ture'' jedhe Biriij, Waldaa abbaatii seeraa Filaadelfiyaa irraa.'' Hamman ani isa argutti waan beeku tokko iyyuu hin qabu'' ture jedhe. Kan nama dhibu garuu ammayyuu abdii hin kutanne ture, jalqabumaa qabee waanti tokko ni taha abdii jedhu qaba ture. ''Karaa kamiin akkasitti akka yaade hin beeku. Garuu tasumaa abdii hin kutanne. Taa'ee waanti tokko ni taha jedhee eeggataa ture,'' jedhe. Liigon yeroo hundaa akka gadhiifamu abdii qaba ture jedhe abbaan seeraa isaa Liigooniif wal arguun isaani waan ija isaa bane ture. Abbaan seeraa Biriij yeroo waraqaa ragaa adabbii isa irratti darbe ittiin falma ture itti agarsiisu, Liigoon yeroo jalqabaaf adabbii isa irratti darbe hubate. ''Guyyaan jalqaba adabame irraa jalqabee akka maleen miidhamaa turuun bare. Yeroo dhiifamaan hir'ifamu malee adabamuun koo heeraan ala tahuun hubadhe.'' Liigoon guyyaa tokko mana hidhaatii baha abdiin jedhu jiraatus, waggoota 15 itti aanaan ammoo murtoo nama hundaaf ulfaataa tahe murteesse. Carraa gadhiifamuu kennamuufis dide sababni isaa ammoo '' hordoffii umurii guuttuu'' kan inni jedhu akka dhiyeessaniif hima. ''Boordiin dhiifamaa yeroo lama na daawwatan. Dhiifamaan bahuun waggoota muraasa dura waanuma ariitiin tahu ture jedhe. Yoo sun tahe umuriikoo guutuu hordoffii jalan jiraadha. Osoo dhimmikoo dhiifama guutuun taheera tahee rakkoo hin qabu ture. Garuu akkas waan hin taaneefan dide.'' Bara 2016 Manni murtii Ol aanaa US , namoonni umurii guutuu hidhaman hundi irra deebiin akka adabaman jedhe. Waggaa itti aanu Liigoon hidhaa waggaa 35'n adabame. Waggaa baay'ee waan hidhameef yeroon sun akka ilaalamuuf iyyachuu danda'a ture. Abbaan seeraa isaa Biriiji akka iyyatu himus garuu ni dide. Waayillan koo irraaa mormiin na mudate, bulchitoota mana hojii, hidhamtoota irraa, maaliif yeroo dhiifamaa kana hin gaafattu? jedhamuun jedhe Liigoon. Waan akkasii hin fudhadhu jedheen ture. Hamaa jedhamuu..hin barbaadu. Ammayyuu ani akka maleen hidhame, jedhe. ''Ani jechoota kana qofan fayyadamuu barbaada. Ani bilisa.'' Ligoon Abbaan seeraa isaa Biriij murto bara 2017 mormuun dhimmicha gara mana murtii federaalaatti fudhatee Sadaasa bara 2020 manni murtichaa murtoo kenneef. Guraandhala 11 bara 2020 yeroo Biriij gara Montgomerii deemuun isa fudhachuu dhaqu namni man ahidhaa keessa hammas ture kun tasgabbaa'eema argachuu hime. ''Miira guddaa eegeen ture, 'oh my god.' Garuu inni sanas hin goone. Homaayyuu, diraamaa homtuu hin turre.'' Liigoon waggoota hamma kanaaf waanuma gochuu qabu hojjechaa ture. Yaada isaa matuma isaaf qofa eege. Erga gadhiifamee ji'a tokko booda, miira dinqisiifannaatin mana sirreessaa mootummaa Foonex keessaa bahuu isaa hime. Akka waan hundumaan lammaffaa dhalachuuti. Sababni isaa waan hundumtuu anaaf haaraadha. Waanti hundumtuu, ammayyuu wantootni hunduu anaaf haaradha. Konkolaataawwan haaraa tokko tokkon ilaale. diizaayinii konkolaataa ani duraan yeroon daandii irratti beeku sana irraa addadha. Gamoowwan dhedheroo kanneenan ilaale. Gamoon akkaas dheeratu duraan hin jiru ture.'' Kuni hundinuu haaraadh,'' jedhe harka isaa gara manneenitti qabuun. '' Keessan jiraachaa jira. Jaalladheera, kun waan dinqisiisaadha- waanuma addaati.'' Waggootni 68 darban Liigon gatii kaffalchiisan. Dhiifama malee bilisaan gadhiifamuuf osoo eeguu waggoota hedduu akka dhabe beeka. Yeroo maatii isaa waliin dabarsu malu ture, baay'een isaanii ergasii du'aniiru. ''Mucaan obboleettiikoo Vaaleeriin yeroon mana hidhaa keessa jiru dhalatte, obboleettiinshee hangafaas yeruman mana hidhaa jiru dhalatte akkasuma mucaan obboleettishees mana hidhaa yeroon jiru dhalatte,'' jechuun ibse. ''Maatiinkoo jalqabaa hundumtuu du'aniiru. Amma kan lubbuun jiru ana, Vaaleerifi haadha isheeti.'' Manguddoon ganna 83 waan eegaa ture sana qajeelfataa jiraatus ammatti garuu karoora xiqqoo qaba. Waan sirriitti beekutti qabamee jiraachuu barbaada. ''Waanuman umuriikoo guutuu gochaa turen ammas hojjedha. Hojii qulqulleessumaa naaf kennaa.''
oduu-54144027
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54144027
Itoophiyaan nootii birrii 200 haaraa ifoomsite, kaan jijjiirte
Mootumaan Itoophiyaa nootii birrii 200 haaraa ifoomse, kaan jijjiiruu beeksise.
Hanga yeroo dhihootti noottiin birrii guddaa Itoophiyaan qabdu noottii birrii 100 qofa ture Ministirri Muummee Abiy Ahimad fuula tiwiitaraa isaaniirratti Wiixata ganama akka beeksisanitti nootiin birrii 10, 50 fi 100 jijjiirameera. Itoophiyaan nooti birrii amma itti fayyadamaa jirtu waggoota 20 olif hojiirra oolaa ture. Hanga yeroo dhihootti nootiin birrii guddaa Itoophiyaan qabdu birrii 100 ture. Har'a MM Abiy akka ifa godhanitti kana dura kan hin turreefi guddaa ta'e, nootiin birrii 200, qophaa'u beeksisan. Qabiiyyee nootii birrii duraaniirrattis jijjiiramni taasifameera. Kaayyoo nootii birrii jijjiiruun barbaachisef yoo ibsan wantoota seeraan alaa qarshiin deeggaru to'achuf dandeessisa jedhan. Akka fakkenyaattis, malaammaltummaafi kontirobaandii kaasan. Akkitti nootiin qarshii haaraa qophaa'e maallaqa fakkeeffamuun dalagamu to'achuu akka dandeessisullee ibsan. Lammiileen Itoophiyaa hanga ji'a sadiitti birrii durii akka deebisan murtaa'eera. Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufani as riiformii siyaasaafi diinagdee gaggeessaniiru. Gama diinagdeen, akka fakkeenyaatti garri tokko dhaabbata Itiyoo Telekoom dhaabbata dhuunfaatti akka darbu murteessaniiru. Baatii Caamsaa darbe Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa baankiiwwan daldalaa biyyittii keessa jiran hanga maallaqaa callaan guyyaatti baasii gochuuf hayyaman daangessee ture. Baankichi akka beeksisetti maallaqni baankileen guyyaatti baasii akka ta'u hayyaman nama dhuunfaaf 200,000 kaampaniiwwan yoo ta'an ammoo 300,000 akka ta'u beeksisuun ni yaadatama. Sababoota kuni murtaa'e keessaa tokko daddabarsa maallaqaa seeraan alaa to'achuu yoo barbaachisedha jedhu hayyuun dubbisne. Biyyi ollaa Itoophiyaa Keeniyaan waggaa dura maallaqashee jijjiiruun ni yaadatama. Nootii birrii jijjiiruu dura Itoophiyaan maal goote? Itoophiyaan maallaqa haaraa ifa gochuun dura hamma lamiileen baankiidhaa birrii baasan daangessuun ala sharafa maallaqaarratti murtee haaraa dabarsiteetti. Noottiiwwaan birrii jijjiiraman Waggoota itti-aanan sadan dhala maallaqa baankiifi sharafa alaa bilisaa akka humnoota gabaatiin murtaa'u gochuuf hojjechaa jiraachuu dhiheenya kana ibsiteetti. Dhaabbileen maallaqaa idil-addunyaafi warren Itoophiyaaf liqeessan waggoota lamaan darban keessas cimsanii akka mootummaan Itoophiyaa sharafa alaa kana keessaa harka fudhatu gaafachaa turaniiru. Fedhii humnoota alaa kana guutuuf Itoophiyaan sharafa alaa dhawaataan bilisa gochaa itti deemtu taasiseera. Gama biraan ammoo biyyattiinis mul'anni yeroo dheeraa qabdu gara Dinagdee gabaa bilisaatti jijjiiruu sababa biraati jedhu hayyuun dubbisne. "Kun gara adeemsa gabaa bilisaatti tarkaanfii tokko jedheen fudhadha,'' jedhan Yunvarsiitii Finfinneetti Hayyuu Dinagdee Magaalaa kan ta'an Tashoomee Tafarraa (PhD). Kana dura birriin yoom jijjiirame? Itoophiyaan nootii maallaqa yoo jijjiirtu kan duraa miti. Bara mootii H/Sillaasee eegale noottii birriirratti jijjiiramni taasifameera. Baruma mootiin H/Sillaase waggoota 40 olif Itoophiyaa bulchanitti si'a afur nootiin birrii jijjiirameera. Bara mootiichaa jalqabee nootiin birrii 1, 5, 10, 50 fi 100 hojiirra oolaa turan. Dabalataan, bara mootii H/Sillaasee gosoota nootti birrii yeroo jalqabaaf hojiirra oolan keessaa birriin 2 fi 500 turani. Seenaa nootii birrii biyyattii keessatti olaanaa kan ta'e birriin 500, boodarra akka hafu ta'u ragaan Baankii Biyyaalessaa agarsiisa. Bulchiinsa fiwudaalaa aangoorraa kaasuun humni waraanaa aangoo to'ate, mootummaan Dargiimmoo, osoo hin turin ALI bara 1969 maallaqa suuraa mootichaa qaban jijjiireera. Haaluma wal fakkaatun Dargii kuffisuun aangoo kan to'ate ADWUI'n waggoota 7'f maallaqa bara dargii ture fayyadamaa ture. Ta'us, lola Itiyoophiyaafi Ertiraa hordofee yeroo gabaabaa keessatti nootiin maallaqaa akka jijjiiramu ta'eera. Birriin amma Itoophiyaan itti fayyadamaa turteefi guyyaa har'aa jijjiiramu ibsame ALI bara 1990 lola Itoophiyaafi Ertiraa booda kan hojiirra ooledha.
49274569
https://www.bbc.com/afaanoromoo/49274569
Naannoo Somaalee: 'Jail Ogaden' fi yaadannoo dararamtootaa
Manni hidhaa magaalaa Jigjigaa 'Jail Ogaden' jedhamuun beekamu akka biyyattii manneen hidhaa hidhamtootni daraaraa hedduu itti argan keessa isa tokko ture. Manni hidhaa kun amma cufamus, seenaa himuuf kan lubbuun olan waayee mana hidhaa kanaa BBC'tti himaniiru.
Kallattii baha magaalaa Jijjigaatiin bal'iinsa habalakaa dirree bareedaarratti mooraan bilookeetiidhaan marfamee ijaarame irri isaa shiboo ta'e manneen hedduu of keessatti qabatee argama. Hanga yeroo ammaattillee seensa mooraa isaarratti Mana Hidhaa Magaalaa Jigjigaa kan jedhu gurguddatee barreeffamee argama. Namoonni garuu maqaa 'Jail Ogaden' jedhuun beeku. Yeroo ammaa manni hidhaa kun 'Jail Ogaden' jedhamee akka waamamu hin brabaadamu. Komishinarri Komishinii Bulchiinsa Manneen Amala Sirreessaa Mootummaa Naannoo Somaalee Obbo Bashir Ahmad, manni hidhaa 'Jail Ogaden' namoota hiraarsuudhaan haa beekamuyyuu malee, iddoowwan namoonni itti gidirfamaa turan hedduudha jedhan. Mooraa mana hidhaa kana wayita seenan manneen bilookeetiidhaan ijaaraman hedduun dhiyeenyaa fi fageenyarratti mul'atu. Mana hidhaa naannoo Somaaleetti 'Jail Ogaden' keessatti yakka hamaatu raawwatamaa ture. Mooraa sana keessa wayita seenan ammas mooraa biraatu jira. Mooraa isa keessa jiru keessa wayita seenamus mooraa biraatu jira. Namoonni kanaan dura 'Jail Ogaden'' keessatti hidhamanii turan wayita waa'ee ijaarsa manneen kanaa nutti himan hidhamtoonni akkaataa adabbii isaaniitiin kan qoqqoodamanii keessa tursiifamaniidha jedhan. Manneen hidhaa kunneen lakkoofsaan 7ffaa, 8ffaa, 9ffaa jedhamuun adda baafamu. Kanneen keessaa lakkoosi 8ffaa jedhamee kan beekamu kutaalee dhidhiphoo fi dukkanaa wayita ta'an namoota yakka shororkeessummaa yookiin ammoo Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden waliin hidhata qabdu jedhamuun shakkamantu keessatti gidirfamu. Manni hidhaa kun kutaalee saddeet garasii fi garanaan qaba, gidduun daandii dhiphoo keessa deemuuf nama sodaachisuudha. Kutaaleen jiran tilmaamaan lafa kaaree 10 hin caallerratti ijaaraman. Dhuga bahumsa dararamtootaa Mana dhiphoo fi dukkanaa kana keessatti namoota hedduutu gidirfamu, kanneen keessaa tokko kan ta'e Alii Hasan argannee dubbisneerra. Aliin mana hidhaa 'jail Ogaden' keessatti hidhamuusaatiin dura miseensa eegdota mana hidhaa ta'uun waggoota 17f tajaajileera. ''Halkan osoon eegumsarra jiruu hoogganaan kiyya na waamee koottu hidhamtoota reebi naan jedhe. An garuu hin raawwadhu jedheen dide. Yeroo biraas reebi naan jennaanan dide. Duuba komishinarri yeroo sanaa dhagahee ati Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden- ONLF waliin hidhata qabda jechuun na hiisise,'' jechuun eegduu mana hidhaarraa gara hidhamaatti akkatti jijjiirame dubbata. Aliin mana adabaa maqaa 8ffaa jedhamuun beekamu keessatti ji'oota 20f hidhamuu dubbata. Ji'oota 20 kanneen keessatti mana dukkanaa bishaanni itti guutametti hidhamaa akka ture akkasumas boolla keessatti bofa waliin hidhamaa akka ture dubbateera. ''30 taanee kutaa kana keessatti hidhamaa turre. Kutaan dhiphoo waan taateef akka sareetti walirra rafaa turre. Akkasumattillee akka nuti hin rafneef kutaa keenyatti bishaan guutu.'' Jedha Alii Hasan. Balballi kutaawwan kunneenii hunduu qorqorroo laameeraa irraa kan hojjetame ta'ee, lafaa fi balbala gidduu akkasumas irra keessaan simmintoodhaan cufameera. Kana kan godhaniif jedha Aliin ''Qilleensii fi ifi gara keessaa akka hin seenne akkasumas bishaanni tuubboodhaan gara keessaatti dhangalaafamu deebi'ee gara alaatti akka hin baaneef.'' ''Kutaan bishaaniin guutama. Bishaan keessa akkamiin rafta? Kan jedhu Aliin ''Bishaan keessa rafuu waan hin dandeenyeef addaan girgiddaa manaatti hirkannee dhaabanneeti kan bullu.'' Aliin rakkoon narra ga'eera jedhu kan qofa miti. ''Kottaa mana koon isinitti agarsiisaa'' jedhee nu dura bu'e. Aliin ''mana kiyya jedhee kan yaamu boolla mana fincaaniif qotameedha. Boolla kana keessatti bofa waliin akka hidhamee ture dubbata. ''As keessa si galchanii irraan sitti cufu. Boolla kana keessaa wayitan ba'u homaa hin argu.'' Jedha Aliin. Hidhaa Qeerransaa fi Waraabessa waliin Kana qofaa miti. 'Jail Ogaden' keessa mana sarootaa kan fakkaatu kan shiboodhaan ijaaramtee fi kutaa lama qabdutu jirti. Kutaa tokko keessa qeerransa, kaan keessatti ammoo waraabessatu hidhamee ture jedhu namoonni ammallee mana hidhaa kana eegaa jiran. Kutaalee mana sarootaa fafakkaatan kana keessatti namni waraabessaa fi qeerransa waliin hidhamaa akka ture ijaan arguusaa nutti hime Aliin. "Ofii kiyyaa as keessatti hidhamuu baadhullee namoonni as keessatti hidhamaa akka turan wayitan waardiyyaa mana hidhaa kanaa ture argaan ture.'' ''Namnis waraabessis walsodaatanii qarqara gamaa gamanaa qabatanii taa'u.'' ''Qeerransis al tokko tokko ni sodaata. Garuu gidduudhaanimmoo qeensaan nama qala.''jechuun waan argaa ture nutti himeera. Qorattoonni dararaa kana hundaa kan hidhamtoota irraan ga'aniif odeeffannoo harkaa baasuufidha jedha Aliin. ''Dubbadhu naan jedhu.An garuu homaa hin beeku. Wayitan baay'ee dhiphadhu calliseen maqaa namootaa waama. Namoonni an maqaa waame qabamanii wayita dhufanis homaa hin jiru,'' Jedha Aliin ''Amma daayippariidhaanin jira'' Namni biraan mana hidhaa kanatti dararaman haadha ijoollee ja'aa kan ta'an Maariyamaa Abdul jedhamu. ''Miseensa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden naan jedhanii waggaa 10 fi ji'a saddeet manneen hidhaa 'Jail Ogaden' fi Qaallittiitti na hidhan'' jedhu. Aadde Maariyamaan gidiraa mana hidhaa 'Jail Ogaden keessatti argan boo'aa dubbatu. ''Halkanii fi guyyaa na reebaa turan. Amma daayippariidhaanin jira'' Jedhu. Aadde Maariyaamaan gar malee waan reebamanii fi tajaajila wal'aansa fayyaa waan dhorkamaniif yeroo ammaa fincaan qabachuu hin danda'an. Kanaafuu yeroo hunda daayipparii godhachuuf akka dirqaman dubbatan. Aadde Maariyamaan isaan qofa osoo hin taane hidhamtoota kanneen biroo irrattillee dararaa guddaan qaqqabaa akka ture nutti himan. Wayita hidhamaa kutaa tokkoo gara biraatti dabarsan harkaa fi miilla kaateenaadhaan walitti hidhanii deemi jedhuun. Mee namni tokko harkii fi miilli walitti hidhamee akkamiin deema?'' jedhu. Hidhamtoota dubartootaa irraanis miidhaa saalaa olaanaa geessisaa turan jedhu Aadde Maariyamaan. ''Halkan keessa dhufanii shamarran babbareedoo fi umuriidhaan daa'imman ta'an koottu komishinaraaf shayii danfistaa jedhanii fuudhanii deemu. Yeroo hunda shamarran fuula tolanii fi umurii ijoolummaa qaban dhufanii waamu'' Jedhan. 'Jail Ogaden' keessatti daa'imman haadha waliin akka hidhamanii fi nama tokkoof qixxaa boqqolloo xixiqqoo tokkoo fi shaayii kubbaayyaa tokkotu guyyaatti kennamaaf jedhan. ''Kan kennamtu qixxaa tokkoo fi shaayii kubbaayyaa tokko. Kana haadhamoo daa'imatu nyaata?'' kan jedhan Aadde Maariyamaan isaan dabalatee harmootiin isaan waliin hidhaman ofii hagabuu taa'anii daa'imman isaaniif waan argatan kennaa akka turan dubbatu. Qorattoonni wayita deebii hatattamaa barbaadan bobbaa fi fincaan walmakaa mana fincaanii keessaa waraabanii mataa harmootii irratti jiksanii yeroo dheeraaf aduu keessa tursiisaa turan jedhan. Bobbaa fi fincaan haala kanaan mana fincaanii keessaa waraabamee namootarraa dhangalaafamaa ture yeroo amma bakka sanatti gogee baay'inaan mul'ata. ''Fedhii rabbiitiin dararaa sana hunda keessa dabarreerra'' kan jedhan Aadde Maariyamaan, Pirezidaantii Itti Aanaa naannoo Somaalee Muzxafaa Muhammad Umar waliin walarganii akka turanii fi miidhaa irra ga'eef tajaajila wal'aansaa akka argatan waadaan akka galameef nutti himan. Dhiphuu maatii Dararaan 'Jail Ogaden' hidhamtootaaf qofa osoo hin taane maatiifillee suukanneessaa ture. Mana hidhaa beekamaa maqaa 'Jail Ogaden' jedhamuun beekamu kan keessatti waan raawwatu namuu ni yaadata, ni sodaata. Namni maatiin yookiin firri mana hidhaa kanatti duraa hidhame yoomiyyuu boqonnaa hin qabu jetti namni biraan Ayishaa Ahmad. Abbaan Manaa Aayishaa Ahmad hojjetaa mootummaa ture. Sababa hin beekamneen qabamee mana hidhaa 'Jail Ogaden' buufame. Haadha ijoollee shanii kan taate Aayishaan abbaa manaashee arguu baattullee isaaf jettee garuu guyyaa guyyaan nyaata mana hidhaa sanatti geessuu hin dhiisne. Hasan Faraah waggoota kurnan darbaniif manneen hidhaa 'Jail ogaden' fi Godee jiranitti eegdummaan tajaajileera. Akka inni jedhutti Jail Ogaden' keessatti maatiin nama duraa hidhame arguun hin eyyamamu. Haata'u malee abbaan manaashee kan du'e mana hidhaa sana seenee guyyoota muraasa keessatidha. Nama mana hidhaa 'Jail Ogaden' keessaa gadi dhiifametu abbaan manaashe du'uu itti hime. Isa booda garuu abbaan manaashee sababa maaliif akka ajjeefame,yoom akka ajjeefamee fi reeffa argachuuf gaafachuu akka hin dandeenyellee itti himamuu dubbatti Aayishaan. Mana hidhaa kana eegaa kan ture Hasa Faaraah ''Hidhamaan yoo du'e dhukkubsateera jedhamee reeffi isaa mana yaalaa mooraadhaan ala jirutti ergamee achitti awwaalama. Maatiitti garuu hin himamu. Namoota as keessaa ba'antu abaluun du'eera jedhanii dhaqanii maatiitti himu'' Jedha. Haqa Komishinarri Komishinii Bulchiinsa Manneen Ama Sirreessaa Mootummaa Naannoo Somaalee Bashir Ahmad 'Jail Ogaden' fi manneen hidhaa hedduu maqaan isaanii hin beekamne keessatti namoota kumoota hedduutti lakkaa'aman irra dararaan ga'eera jedhan. "Manni hidhaa kun ALI bara 1991 irraa eegalee hojiirra ture. Yeroo tokko baay'inni namoota mana hidhaa kana keessatti argamanii kuma 11-15 ga'ee ture. Mana hidhaa kana keessatti hedduun du'anillee lakkoofsa namoota ajjeefamanii baruuf qorannaarra jirra,'' jedhan. Hooggantoota mana hidhaa kan bulchaa turan keessa sadi to'annoo seeraa jala oolanii dhimmi isaanii ilaalamaa jira kan jedhan komishinarri kun hanga ammaatti kan hin qabamin jiranis ni qabamu, seera jalaa eessattiyyuu hin miliqan jedhan. Mana hidhaa kana keessatti miidhaan qaamaa-qalbii irra ga'e deggeruuf mootummaan naannochaa maal gochaa jira gaaffii jedhuuf, ''Uummanni Somaalee walakkaan mana hidhaa kanatti dararamee jechuu ni dandeeya. Kana hunda deggeruun ni cima.'' Kan jedhan yoo ta'u namoonni dararaan ulfaataan irra ga'e gara biyya alaa deemanii akka yaalaman taasifamaa jira jedhan. Egeree 'Jail Ogaden' Manni hidhaa 'Jail ogaden' erga cufamee ji'oonni darbaniiru. Egereen mana hidhaa kana maal ta'a jedhamuun kan gaafataman komishinarichi ''Iddoo yaadahuu qabnu waan ta'eef godambaa gochuuf yaadneerra.'' Jedhan. Yeroo ammaa garuu namni tokkollee sabab ilaalcha siyaasaa isaaf naannoo Somaalee keessatti hidhamee hin jiru jedhan Komishinar Bashir.
oduu-55759415
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55759415
Lola Tigraay Itoophiyaa Beela, hanqina qorichaa fi rakkoolee kaan buqqaatonni lola Tigraay himatan
Namootni sababa lola Tigraayiin qe'ee isaaniirraa buqqa'an mana barnootaa magaala Maqalee keessa qubatan rakkoo hamaa keessa akka jiran BBC'tti himan.
Tigiraayitti namoota sababii waraanaatiin buqqa'an ''Ijoollee koofi abbaa warraa koo qabadheen abbaa koo maanguddoo ganna 80 bakkeetti dhiiseen dhufe. Waanin argellee dubbachuuf humna hin qabu,'' jetti isaan keessaa tokko Farayi Basaagina. Namootni kunneen lola Tigraay Sadaasa 3 mootummaa Federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti eegaleen kan qe'eerraa buqqa'an. Meeshaalee waraanaa jajjabaatu dhukaafamaa ture, dubarattoonni ulfi karaatti da’an, kaan isaanii karaarraa kaasaa kaan isaanimmoo bira darbaa magaalaa Maqalee geenye’’ jette Farayi sagalee addan ciccituun, daa’oo qubannaa yeroo Maqalerraa. Farayi waranaa baqachuun Shireerraa gara Maqaalee dhufte. Haala buqqatoonni kun keessa jiran wayita himtu imimmaan kan ishee hudhu Farayi, ''as keessa hawwan da’anii ciisan kanneen waan nyaatamu hin qabnetu jira, waanti hundi rakkoodha’’jetti. Hanqina soorataatti dabalataan, dubartootni waan qulqullina isaanii itti eeggatan hin argatan jette. Jiraattonni magaalaa Maqalee waan isaan ittiin qulqullina isaanii eeggatan hanga tokko arjoomaniruuf garuu, hundasaaniif kan gahu miti. ''Shamarran uffatta jijjiraataniifi waan qulqullina isaanii ittin eeeggatan dhabuurra kan ka’e kanneen manaa gara alaatti hin bane jiru. Nuti uffataa fi kophee hin qabnu, waan nutti hanqatu hedduutu jira'' jette. ''Qabeenya koo hundan dhabe" Kun seenaa Farayi qofaa otoo hin taane, jiraattotni naannichaa sababii lolaatiin buqqa’an hedduun dararaa himatu. Shiraaroorraa buqqa’uun mana barnootaa magaalaa Maqalee keessa kan qubatan Obbo Tasfaayi yeroo lammaffaaf buqqa’uu himatan. Waggaa lama dura Gondariirra buqqa'an. Sana booda magaalaa Baaddimeetti maallaqa walitti qabataniin dhaabbata warqii qulquleessu birrii 500,000 banatan. Magaalaa Shiraarootti garaajii banachuun hojjataa akka turan dubbatu. Amma garuu sababii walitti bu’iinsa uumameen qabeenyasaanii dhabaniiru. Qabeenyi isaanii saamamuu dubbatu. ''Qabeenya koo hundan dhabe, fal’aanallee otoo hin hambisiin na saaman, Ani abbaa ijoollee sadiiti. Ijoolleen koo maal taanetu waan qabnu dhabne? jedhanii yoo na gaafatan maalin deebisaaf. Seenaa maaliin itti hima? Kana yeroon yaadu natti ulfaataa jedhu. ''Asitti ganamaan ka’anii daabboo ykn buddeenni dhufeeraa? jedhee nama gaafachuun ni ulfaataa’’ jedhan. Kanneen gara Sudaanitti baqatanii achi jiram Walitti bu’iinsa magaalaa Shiraarootti qaqqabeen namoota qabeenyasaanii dhabanii mana barnoota magaalaa Maqalee keessa qubatan kan biraa aadde Ayaawwaaxxashim, rakkina keessa jiraachusaanii BBC'tti bilbilaan himan. Guyyaa tokko tokkoo otoo soraata hin nyaatiin bulla, gaaf kaanimmoo ni nyaanna, firaashi nama tokkoof kennamerra walitti maxxannee bulla. ''Asitti jireenya hamtuu keessa jirra'' jetti. Aadde Ayaawwaaxxaashim ''gara dhufnetti deebi’uuf loltoonni waan jiraniif yaaddoo qabna'' jedhu. ''Deeggarsa ji’a tokkoofi jedhamee nu keennameen alatti, uummatatu nu gargaaraa jira’’ jedhu. Manneen barnoota keessa namoonni qubatan jireenya isaanii duraanitti deebi’uuf sodaa guddaa akka qaban himan. Rakkooleen namoomaa uummata nagaa Tigraayirra gahu gurra hawaasa idil-addunyaa erga gahee bubbuleera. Dhiyeenya kana ministirri haajaa alaa Gamtaa Awurooppaa Joosef Boriyaal ibsa baasaniin ''eenyummaa bu’uura godhachuun haleellaan raawwatamu, ajjechaan, saamichi, gudeeddii fi baqattoota dirqiin gara biyyasaaniitti deebisuun yakka waraanaa ta’uu kan danda’an itti fufiinsaan odeeffannoon nu qaqqabaa jira'' jedhan. Gamtaan Awurooppaa irra deddeebiin mootummaan dhaabbilee gargaarsaaf karra akka banu gaafataa ture, kun guutummaatti hanga hin ta'initti deeggarsa bajataa Itoophiyaaf kennu adda kuteera. Dhabbileen deeggarsaa hedduun namoonni beelaan miidhamuu malu jechuun yoo akeekkachiisan, mootummaan garuu deeggarsa barbaachisaa kennaa akka jiru hima. 'Dhukubsattoota beela’an' Naannichatti haalli jiru hammaata ta’uu fi namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman beelaan du’aaf saaxilamuu akka danda'an qondaalli mootummaa yeroo naannichaa dhaabbilee gargaarsaa wajjin walgahii ta’aameerratti dubbachuu barreeffamni miliqe bahe agarsiisu. Dabalataan, nageenyii namoota qe’eesaaniirraa buqqa’anii yaaddessaa ta’uu fi rakkoo namoomaa hordofsiisuu akka danda’u Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera. Buqqaatoota manneen barnoota keessa qubatan dhaabbata deeggaru kan hogganan kessaa tokko Obbo Muluu Hayilasillaaseedha. Obbo Muluun buqqatootaaf tajaajila yaalaa kennuuf tattaaffiin jiraatullle, hanqina qorichaatu jira jedhan. Jiraattotni hanqina yaala fayyaatiin du’aaf saaxilamaa akka jiran, nyaataa fi bishaan dhugaatii dhabuun miidhama cima keessa akka jiran Rooyitars dhaabbilee gargaaarsa naannicha daawwatan wabeeffachuun gabaasera. Jirattootni naasuu keessa jiraachu gabaasichi kan agarsiisu. Magaalaa Maqaleen alaatti tajaajilli yaalaa akka hin jirree fi sababii nimooniya fi da’umsaan walqabatuun namoonni du’aa jiraachuu Rooyitars dhaabbata MSF tti hoogganaa sagantaa balaa hatattamaa Kaarmaan Vinoleesin wabeeffachuun gabaasera. Baadiyyaa naannoo Addigiraati fi Aksuum miseensonni dhaabbata gargaarsaa daawwatan, hakiimonni ''dhuukubsattoota beela’an'' lubbuun tursiisuuf dhama’aa akka turan arguu fi, ''ambulaansoonni hospitaala magaalichaa hatamaniiru'' jechuusaanii Rooyitars gabaaseera. Iddoowwan daawwatanitti haqinni soorataa, bishaanii fi rakkoon tajaajila akkasuma namoota sodaa keessa jiran arguufi hundisaanii soorata barbaadna’’jechuusaanii Karmaan himeera. UNICEF ibsa Wixata darbe baasen, kilinikoota Shireetti namoota hedduu kan ajjeesu hanqinni soorata mudate haala hamaan jiraaachuu ibseera. Walitti bu’iinsa sana duras namoonni hedduun hanqina soorataan rakkachaa akka turanii fi amma immoo walitti bu’iinsa booda, hanqinni soorataa ittu haammaachuufi lola baqatanii namoota gaarreen keessa dhokatan deeggarsa qaqqabsiisuun akka hin danda’amne ibsan. Hogganaan bulchiinsa yeroo Tigraay Dr Muluu Naggaa baadiyyaa naannoo garreen itti heddummataniitti deeggarsa geejjiburratti hanqinni jiraatulle, deeggarsa kennuun eegalameera jechuun Rooyitarsitti himan. Naannichatti deeggarsa nyaataa fi meeshaalee dhiyyeesii qorichaa dabalatee, deeggarsa namoomaa namoota miliyoona1.8’f kennamuu Ministeerrii Nagaa ibseera. Ministeerichi namoota deeggarsa akka barbaadan ibsameen alatti, namoota miliyoona 2.5 gargaaru akka danda’uutti qophaa’u beeksiseera. Baqattoota Eertiraa Lammilee Itoophiyaa qe'eerraa buqqa'aniin alatti baqattoonni Eertiraa kumaatamaan lakka’aman kaampiiwwan baqattootaa keessa jiraatan haalli keessa jiran yaaddessa ta’uusaa UNHCR beeksiseera. Koomishnichatti bakka bu’aan Itoophiyaa Kiriis Meelizar BBC'tti akka himanitti, ejensichi naannoo dawoo baqattootatti tajaajila kennaa akka jiru beeksise. Dursi kan kennamuuf nyaataa fi bishaan dhugaatii qulqulluu kennuu dha jedhan. ‘’Ji’oota lamaan darban bishaan lagaa dhugaatiif, nyaata ittiin bilcheessuuf itti fayyadamaa waan turaniif garaa kaasaan hammaatera’’ jedhan. Lixa Tigiraay, kaampii Maayi Ayiniina ade Arushaa keessa baqattootni Eertiraa 25,000 kan turan yoo ta’u, sababii lola kanaatiin lakkofsi isaanii hir’ateera jedhan. Lola kana baqachuun namoonni hedduun baqachuusanii ibsaniiru. Dawoo baqannaa kanarraas ta’e, manneen barnootaarra miidhaan qaqqabe akka hin jirre kan eeran Kiriis, ogeeyyiin fayyaa fi barsiistoonni garuu bakka sana akka hin jirree himan. Dawoo baqattootaa afur keessaa lamaan UNHCR akka daawwatuuf eeyyamameef keessatti lolli cimaan gaggeffame hin jiru. Karaa daangaa Eertiraa, naannoo Kaabaa Tigiraayitti kan argaman kaampiiwwan lama UNHCR daawwachuuf Itoophiyaa gaafate otoo hin milkaa’in hafeera. Lola kana dura cunqursaa siyaasaa Eertiraa keessa jiru sodaachuun baqattoonni dawoo baqannaa afur naannoo Tigiraay keessa jiran kuma dhibba tokkotti dhiyaatu ture. Naannoo Tigiraayitti lolli A.L.I Onkoloolessa bara 2013 kan eegalame TPLF ajaja waraana Kaaba Itoophiyaarratti haleellaa raawwachuun ibsamuun booda ture.
oduu-48475348
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48475348
Shaampiyoons Liigii: Xiyyaaronni deggertoota kubbaa miilaa samii UK dhiphisaan
Deggertoonni kubbaa miilaa Waancaa Shaampiyoonsi Daandii Xiyyaaraa Biriitish fayyadamuun gara Maadiriiditti imalan samii biyyattii dhisaa jiru. Lakkoofsi balaliii xiyyaaraas seenaa keessatti kan kanaan dura galmaa'ee hin beekne ta'uu mala jedhamee eegamaa jira.
Tapha Shaampiyoons Liigii Aqurooppaa Ispeenitti bor Tootinhaamiifi Liiverpuul gidduutti gaggeeffamuuf Jimaata har'aa qofa balaliin xiyyaaraa 9,000 Maadiriiditti taasifameera. Balaliin 9,000 Jimaata taasifame kan kaanaan dura Caamsaa 25, 2018 taasifame 8,880 caaluudhaan galmee haaraa ta'a jedhameera. Sanbata osoo Tootnhaamiifi Liiverpuul waancaa eegamu kanaaf walitti hin dhufiin, xiyaaronni namoota dhuunfaan balali'an (chartered flights) fi jeettonni dhuunfaan hedduun akka heddummaatan to'ataan tiraafikaa balalii Nats ni dubbata. Deggertoonni yeroo imala isaanii gara Maadiriiditti eegalan fuula miidiyaalee hawwaasarratti maxxansaa jiru. Balaliin xiyyaaraa gara magaalaa guddittii Ispeen kanatti taasifamu biyyoota hedduu keessa darbuun achi qubatu. Nats akka jedhutti dhuma torbee kanarra balaliin biroo 800 ta'an ni eegamu garuu lakkoofsi kun dabaluu danda'a sababiin isaas namoonni hedduu tikeettii hin kutatiin waan jiraniif xiyaarota dhuunfaan deemu jedhamee eegama. Xiyyaarota akka dhuunfaatti balali'an hedduu keessaa walakkaa kan ta'an kallattiidhaan Buufata Xiyyaaraa Liiverpuulirraati. Miseensi Mana Maree warra leellistoota jedhamanii (Conservative) kan ta'aniifi deggeraa Tootinhaam kan ta'an Tracey Crouch aanga'oota kumaatamaan lakkaa'aman gara Maadiriiditti imalan keessaadha. Dubbi humaan Nats akka jedhutti, xiyyaarota lakkoofsaan hanga eegame ol imalan kanarraa kan ka'een yeroo kamiyyu caalaa samiin dhiphaateera. Kanaaf, buufatawwan xiyyaaraafi daandiiwwan xiyaaraa waliin ta'uudhaan, kan dandeenyu hunda ni taasifna. Namoonni akkaataa barbaadameen dorgommii eegamu kanarratti akka argaman taasifnee nagaanis akka mana isaaniitti deebiyan ni taasifna jedhan. "Buufatawwan xiyyaaraa tokko tokko keessa dandeettiin jiru muraasa waan ta'uuf balalii xiyyaaraa akka boodatti harkifatu taasisuu danda'a. Kanaaf, torban kun torbee rakkisaa akka ta'uu malu shakkiin hin jiru." Nats lakkoofsi kanaan dura ture kun cabee balaliin xiyaaraa yeroo kanatti hedduu ta'e galmaa'uun "carraa gaariidha jechuun lakkoofsi waliigalaa galmaa'an Wixata ifa goona jedhe. Manaajeroonni kilaboota lamaanii qophii taasisaa jiran cinaattis miidiyaaleef ibsa kennaa jiru. Pochetiinoo warra Tootinaamis ta'e Kiloop warra Liiverpuul taphichi seena qabeessaafi kan seenaa keessatti yeroo muraasa nama mudatudha jedhan. Taphattoonni kilaboota lamaaniis miidiyaalee hawaasummaa dabalatee deggertootaafi jaallatoota isaaniif ergaa dabarsaa jiru.
oduu-45623545
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45623545
Saamtonni Naayijeeriyaa namoota dooniin ilmalan butan
Saamtonnii galaanarraa hojjettoota 12 doonii fe'umsaa Swiiz irraa butan.
Saamichi galaanarraa rakkoo Afrikaa tahaa jira. Dhaabbatni geejiba doonii Maasoo'eel, dooniin fe'umsaa MV Glarus jedhamtu gaafa saamtoonni yeroo haleelan Leegos irraa qamadii feetee gara Poort Haarkoortiitti deemaa turte Saamtonni kunneen masalaalii dheeraa fayyadamuun funyoo sibiilaa doonicha irra jiru kutuun doonii dhaabani jechuun dhaabbatichi AFP tti himeera Weerartooni kunneen odola Boonii jedhamturraati haleellaa kana raawwachuun hojjettoota 12 hanga 19 tahan kan butan Dubbii himaan dhaabbata geejiba galaanarraa Maaso'eel saamtoonni kunneen meeshaalee qunnatii dooniichaa akka jiruun barbadeessaniiru. Hattoonni obomboleettii da'oo godhachuun saaman kaameeraadhaan qabaman Hojjettoota kunneen keessaa torba lammiilee Fiilipiins yoo taha, lammiiwwan Islooveeniyaa,Yukreen, Roomaaniyaa, Kirooshiyaafi Boosniyaallee kanneen butaman keessa tahuu Rooyitars gabaaseera. Maatiin namoota butanii dhimmichi dhiyenyaan akka hordofan taasifeemeera jedha dubbii himaan dhaabbata geejiba kanaa. Namooonni butaman akka nagaafi hatattamaan akka gadhiifamaniif godhamaa akka jiru dhaabbati geejiba galaanarraa himeera. Ministirri dhimma alaa Maasoo'eel namoota qabaman keessaa lammiin Siwiiz akka keessa hin jirre mirkaneesseera. Qarshiif namoota butuun Naayijeeriyaatti waan baratamee dha. Namooti beekamoo biyyattiis kanaaf saaxilamaa turan. Qorannoon Oshin Biyoond Paayirasii jedhamu bara 2017 irraa qabee gochaan akkasii raawwataa ture jedha.
oduu-50300902
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50300902
Magaalota akkamiin dubartootaaf mijatoo taasisu?
Magaaloti hunduma keenyaaf ijaaramuu malan hunda keenyaan hin ijaaramne ture.
Baarseloonaa Magaaloti addunyaa keenyaa dhiirotaan karoorfamanii ijaaraman. Dubartooti harka walakkaa tahan otoo ijaaranhoo? Baarselonaan deebii kanaa nuuf kennuu dandeessi. Waggoota afur darbanirraa kaasee kantiibaa dubartii ajandaa feminist(sochii ykn ilaalcha walqixxummaa koorniyaaf falmu) qabduun hogganamaa jirti. Dubartooti feministii karoora magaalawwan irratti hojjetan maal geeddaruun magaalota dubartootaaf mijatoo akka tahan fedhu? Konkolaataa balleessaa! Konkolaataa sa'atii 1 keessatti km 10 saffisu qofatu gamoowwan kunneen darbuu danda'a Jaaneet Saanz bakka buutuu karoora bulchiinsa magaalaa Baarselonaati. Yaada kana kan burqisiisees isheedha. Qaama guddaa piroojektii karoora magaalaattiiti. ''Mee yaadi mee'' jetti Jaanet daandii halluu guraamalee dibamee miidhage irra adeemaa. ''Baarselonaan lafa ummataa harka 60 konkolaataaf kenname qabdi. Battala, lafa deebistee ummataaf qooddu namoota hanga yoonaa iddoo hin qabne deeggarta. ''Yaadni keenyi inni guddaan lafti bal'aan akka hin fudhatamne gochuudha. Konkolaataatu immoo iddoo baayyee fudhata ture.'' Karoorri Superilles jedhamu magaalaa keessatti hojiirra oole, daandiin namoota lafoo deeman, bishkiliitii oofan fi daandiirra basha'uu fedhaniif banaa ta'uu qabu jedha. Gamoowwan Superilles jedhaman kunneen konokolaataawwan akka hin dabarre taasisu. Konkolaataawwan darbuu danda'an saffisa sa'atii 1 keessatti km10 kan saffisan tahuu qabu. ''Addabaabayii konkolaataa qabaachuurra paarkii, teessoowwan bashannanaa fi iddoowwan taphaa qabaannaa jechuu dha'' Yaada Superilles kan burqisiise nama Salvador Rueda jedhamu yoo tahu yaannisaa faalama qilleensaa hir'isuufi uummataa iddoon banaa akka jiraatu gochuu dha. Jaanetiifi hiriyyoonnishee immoo dubbii geeddaran hirmaannaa hawaasaa immoo itti dabalan. Hojimaata badaa didne Ummanni Baarselonaa basha'uu waan jaalatuuf gumiin bulchiinsa magaalattii namni hundi iddoowwan uummataa, halkaniif guyyaa fayyadamuuf mirga qaba jedhee amana. ''Kanaaf iddoo dhiichisni jirutti iddoo xiqqoo halluu siddisaa qabdu argitu isheen wiirtuu odeeffannooti achi dhaqxanii waa'ee qoccollaa saalaafi dhimma dhiirummaa dorsisaaf fayyadamuu akkatti ofirraa dhaaban gorsa argatu.'' Warri tajaajila kana kennan halkan iddoo namoonni sirban deemaa gargaarsa yoo barbaadu taheef isaan gaafatu. Gumiin magaalatti namoonni yoo haleellaa saalaa irraan maqaan isaanii himuun otoo isaan hin barbaachisiin gabaasuu akka danda'aniif appilikeeshinii bilbilaa qopheessuun jalqabsiisaniiru. Mana fincaanii dabalataa Manni fincaanii dubarootaa kan dhiirotaarra hiriira dheeraa qaba; kuni immoo sababii baayyee salphaa taheef mudata. Dubartootni taa'anii gatii fincaa'aniif yeroo dheeraa kan dhiirotaan harka sadii caalu fudhatu. Dubartoonni sababii laguufi yeroo ulfaattis mana fincaanii yeroo hedduu fayyadamuun dabalataan ijoolleefi miseensota maatii gargaarsa barbaadan fudhataniitu mana fincaanii deemu. Haadholiin baayyeen gaarii ijoollee isaanii irra kaa'anii oofan mana fincaanii fuudhanii galuu gatii hin dandeenyeef mana fincaanii uummataa hin fayyadaman. Lafti kutaawwanii immoo yeroo baayyee fincaaniin kan bade dha. Kanaaf manni fincaanii dubartootaa yoo xiqqaatee kan dhiirotaan al sadii caaluu qaba. Haa tahu malee ijaarsi gamoowwanii yeroo baayyee kanaaf xiyyeeffanoo hin kennu. Lafa taphaa Saree Dubartoota karoora magaalaa irratti hirmaatan Akka arkiteektiin Dafne Saldaña jettu yeroo baayyee magaala keessa lafani taphaa yoo qophaa'uu waan dhiiroti yeroo baayyee taphatan kubbaa miilaaf hojjetama. Taphawwan biraaf iddoon hin jiraatu. Naannoo Equal Saree jedhamutti paarkii kofa hundaan daandii qaxxaamuru, kutaawwan akka mana isa sirriitti bashannanaaf ijaaramanfi taphawwan garaagaraa keessumsiisanitti ijaaraman. Ajandaan ijaarsa magaalaa kanaaf feministoonni kunneen gaaffii namoonni iddoowwan uummataa kana irratti maaltu otoo ijaaramee akka jaalatan yoo gaafataman... Teessoowwan Feministooonni kunneen teessoon namoota iddoo dhaa iddootti socho'aniif, dhukkubsattootaafii namoota qaama miidhamoo tahaniif kanneen ijoollee baataniifi manguddootaaf akka hirkootti gargaara. Hanqinni teessoowwanii baayyetu jira ture jedhu Kanaaf mootummaan Baarselonaa ollaa tokko keessatti qofa teessoowwan 500 galcheera. Maqaalee daandiiwwanii Magaalaan tokko kan hundaaf taatu gochuun dubartoonni nagaan bahanii akka galan gochuu qofa osoo hin taane, akka isaan mul'atan gochuus dabalata. Sirriitti yoo hubanne akkuma kitaabilee seenaa magaaloti fakkii dhiirota qofa leellisuun kan guutamani dha. Qorannoon magaalota gurguddoo addunyaa daandiiwwan magaalaa harka 27.5 tahan qofatu maqaa dubartootaan moggaafame jedha. Baararselonaan kana sirreessuuf hojjechaa turte. Bulchinsi magaalatti kana dura ture maqaalee karaa dubartootaan moggaasee ture. Gumiin magaalattii immoo gara harka 60tti guddisuuf hojjechaa jira. Magaalaa dubartootaan ijaaramte arguun abjuu dha. Baarselonaan garuu egereen magaalotaa gara fuuladuraa maal fakkaachuu akka dandeessu nutti himti.
oduu-47797358
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47797358
Addunyaarra ijoollee caala akkoofi akaakayyuutu baayyata
Akka Biyyoota Gamtoomaniitti seenaa lakkoofsa ummataa addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif lakkoofsi namoota dulloomanii kan ijoollee umuriinsaanii waggaa shanii gadii gadi ta'eera.
Uummanni addunyaa saffisaan dulloomaa jira Ragaan akka agarsiisutti bara dhuma 2018 irratti baayyinni namoota umuriin isaanii waggaa 65 ol ta'an kan ijoollee umuriin isaanii waggaa shanii gadii gadi ta'eera. Ardii kana irra namoonni umuriin isaanii waggaa 65 ol ta'e miliyoona 705, kan waggaa 0-4 gidduu ta'an ammoo miliyoona 680 ta'u. Garaa garummaan bal'achuu Haala amma jiru kanaan deemnaan bara 2015 irratti garaa garummaan namoota dulloomaniifi warra dargaggeeyyii giduu jiru ni guddata. Baayyinni namoonni umuriin isaanii 65 ol ta'an dachaa warra umuriin isaanii 0-4 ta'anii ta'a. Garaa garummaan bal'achaa deemuun, akka dimogiraafiin ykn sirnni baayyina ummataa waggoota kurnan heedduuf qoratamaa ture agrsiisutti: biyyoota hedduu keessatti hundi keenya bara dheeraa jiraanna garuu ijoollee hedduu horachaa hin jirru kan jedhudha. Afgaanistaan keessatti maanguddoon yeroo daa'ima baattu Kun garuu akkamiin dhiibbaa isinirraan ga'aa? Ammumallee taanaan dhiibbaa isinirraan ga'aa jiraa laata? Daarekterri Dhaabbata Maatiriksiifi Madaallii Fayyaa Yunvarsiitii Waashingiteen Kiristoofar Murray akka jechuun BBC'tti hime: "Hawwaasa addunyaa kana itti fufsiisuudhaaf haala rakkisaa ta'uun baayyina ijoollee/ol-adeemoo caalaa namoonni umuriin isaanii waggaa 65 ol ta'anitu heddummaataa jira." Qorataan kun kitaaba bara 2018 maxxanseen akka yaada isaa dhiyeesseen biyyoonni addunyaa walakkaa ta'an "lakkoofsi daa'immanii xiqqachuu" ykn lakkoofsa uummataa itti fufsiisuuf hanqinni daa'immanii akka isaan mudatu barreesseera. "Dhiibbaa cimaa gama hawwaasummaafi dinagdeedhaan hawwaasni uummata umuriin ijoollee caalaa warra dullooman qabanii yaada," jedha. Akka Baankii Addunyaatti bara 1960 keessa sadarkaan dhala argachuu, dubartii tokkoof ijoollee shan ture. Naannoo waggoota 60 booda gara walakkaatti gadi siquun 2.4 qofa ta'e. Yeroo sanatti, guddinni hawwaas-dinagdee namoota gara addunyaa kana dhufan fayyadeera. Bara 1960 kessa namoonni giddu galeessaan xiqqoodhuma waggaa 52 ol jiraatu; umuriin lafa irra jiraachuu ammoo bara 2017 72 ga'eera. Kana jechuun ammoo hundi keenya yeroo dheeraadhaaf jiraannaa akkuma umuriin keenya dabalaa deemeen ammoo wantota jireenyaaf barbaachisaniif fedhiin keenya dabalaa deema. Kun ammoo tajaajilwaan akka sooramaafi fayyaa irratti dhiibbaa guddaa uuma jechuudha. Uumata umuriin deeme Rakkoon uummataa umuriin dulloomeeru qabaachuu biyyoota guddatan keessatti ni hammaata. Sababiiwwan hedduu irraa kan ka'een hunda caalaa ammoo sababii dhiibbaa dinagdeetiif dhala argachuun gadi bu'eera. Kana birattis, du'aatiin daa'immanii hir'ateera, carraan malawwan ittiin du'umsa ittisanii akka garaatti argamuufi guddisni daa'immanii baayyee baasii guddaa gaafachuun akka sababaatti ka'u. Biyyoota guddatan keessatti dubartoonni gara boodaa waan dhala godhattuuf ijoollee muraasa qofa argatu. Biyyoota kunneenitti sadarkaan jireenyaa foyyaa'aa jechuun namoonni "umurii dheerachuu" jechuudha. Kanaaf fakkeenyi gaariin Jaappaanidha. Jaappaanitti umuriin jiraachuu giddu galeessaan waggaa 84 yommuu ta'u akka addunyaatti biyya namoonni umurii dheeraa jiraataniifi namoonni umuriin isaanii waggaa 65 ola ta'an baayyina uummata biyyatii keessaa %27 jechuudha. Kun akka addunyaatti namoota umuriin dulloome isa ol aanaadha. Baayyinni uummata biyyattii umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta'an ammoo % 3.85 qofaadha akka Biyyoota Gamtoomaniitti. Rakkoon dachaa kun waggoota hedduudhaaf mataa dhukkubbii aanga'oota Jappaan ta'eera. Kanaan walqabatee mootummaan biyyattii waggaa darbe irraa kaasee umurii soorataa duraan waggaa 65 ture gara waggaa 70 ol buteera. Murteen mootummaa kun yoo kan hojiirra oolu ta'eef biyya Jaappaanitti hojjetoonni addunyaa bakka kamiyyu caalaa turanii soorama bahu jechuudha. Haata'u malee, wal madaaluu dhabuun baayyina uummataa rakkoo biyyoota guddataa jiraniitis. Chaayinaan baayyina uummataa umuriin isaanii wggaa 65 ol ta'an qabduu Jaappaaniin gadidha. Baayyina biyyattii keessaa %10.6 kan ta'an qofadha; garuu imaammata karoora maatii bara 1970 keessa hojiirra ooluu jalqabe irraa kan ka'een biyyi dunagdee addunyaatiin lamaffaa taate kunis sadarkaa dhala argachuu gadi aanaa qabdi. Dubartiin tokko carraa daa'ima 1.6 argachuu qabdi jechuudha. Baayyinni uummataa Chaayinaa waggaa 5 gadi ta'an yeroo ammaa kanatti %6 qofaadha. Baayyina ijoolleefi sadarkaa jireenyaa yeroo walbira qabamee ilaalamu Biyyoonni Afrikaa baayina daa'imaafi sadarkaa jireenyaa wal bira qabanii ilaaluudhaaf fakkeenya gaariidha. Biyyoonni Afrikaa dhala baayyinaan argachuutiin sadarkaa ol aanaa irra jiru. Fakkeenyaaf biyyi Niijer, "dhala hedduu argachuudhaan" addunyaatti sadarkaa tokkofaa irratti argamti. Kunis akka bara 2017 qoratametti giddu galeessaan dubartiin tokko ijoollee 7.2 argachuu dandeessi. Haata'u malee, biyyattiimti kun ammoo du'atiin daa'immanii baayyee cimaa akka addunyaatti tokkoffaa taatedha. Carraa dhala bakka buusuu Dhimma baaiiyna ummataatiif lakkoofsi 2.1 lakkoofsa maajikii ta'edha. Maaliif jennaan, uummanni addunyaa kanaa dhala bakka buusuudhaaf lakkoofsi kun isaan barbaachisa. Haata'u malee, akka ragaan Biyyoota Gamtoomanii dhiyeenya kanaa agarsiisutti biyyoota addunyaa kanaa walakkaa ol ta'an qofaatu kan milkeessa. Kunis, biyyoota 113 jechuudha. Qorattoonni akka agarsiisanittis biyyoonni du'aatiin daa'immanii keessatti hammaatuufi sadarkaa umurii dheeraa jiraachuun gadi aanaa ta'e handi isaan dhala argachuu qaban 2.3 yommuu ta'u kun ammoo hanga ammaati biyyoota 99 qofaan kan milkaa'eera jedhamu. Dhala argachuun gadi bu'aa waan dhufeef, biyyoonni baayyeenis lakkoofsi uummata qabanii hir'achuu malullee baayyinni uummataa waliigalaa akka addunyaatti garuu kan dabalu yommuu ta'u bara 2024 irratti biliyoona sadeti gala jedhamee eegama. Biyyi akka malee dhala argachuun gadi bu'aa ta'e Raashiyaadha. Haala amma jiruun biyyattii keessatti dubartiin tokko dhala 1.75 akka argattu kan eegamu ta'ee kun ammoo baayyinni uummataa waggoota dhufan keessa akka gadi bu'u taasisa. Akka UN shallagetti baayyinni uummata Raashiyaa kan amma jiru miliyoona 143 irraa bara 2050 irratti gara miliyoona 132 gadi bu'a jedhameera. Dhiibbaa dingadee Lakkoofsi uummataa gadi bu'aa deemuufi umuriin namootaa dabalaa deemuu jechuun humni hojii hojjechuu danda'u xiqqachaa deemuu jechuudha. Kun ammoo omisha dinagdee kan hir'isuufi guddinallee kan dhorkudha. Akka Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) Sadaasa darbe akeekkachiisetti dinagdeen Jappaan sababii uummanni biyyattii keessaa warri dullooman heddummaataa dhufeef waggoota 40 itti aanan keessa %25 hir'achuu danda'a. "Dimogiraafiin jiruu keenya mara irratti dhiibbaa qaba -karaa foddaa keetii mee gara daandiitti ilaali, mana ilaali, tiraafika ilaali, waan barbaachisu fayyadamuu ilaali. Kun hunduu dimogiraafiidhaan kan hoofamudha," jechuun Darekterri Dhaabbata Dulluma Uummataa Oksifoord George Leeson BBC'tti kan himan. Tekinooloojiin ammoo dhiibbaa dinagdee sababii dulluma uummataan dhufu irraa dandamachuuf gargaaraa laata? Tekinooloojiin ammoo dhiibbaa dinagdee sababii dulluma uummataan dhufu irraa dandamachuuf gargaaraa laata? Imaammataafi siyaasa Mootummoonni yaaddoo "rakkoo dullumaa yeroo eegee dhouuf jiru" akka qaban irratti walii galameera. Isaanis irratti hojechaa jiru. Chaayinaan "imaammata daa'ima tokko" jedhu bara 2015 keessa kan keessa deebtee ilaalte yommuu ta'ubara 2018 keessa ammoo walumaa galatti baayina dhala argachuu daangessuu kaasteetti. Ta'us garuu daangaa kana kaasuun furmaata kan ta'e hin fakkaatu: Bara 2018 keessa daa'imman Chaayinaa keessatti dhalatan miliyoona 15.2 yommuu ta'u lakkoofsi kun ammoo kan waggaa 60 asitti isa gadi aanaa ta'ee galmaa'eera. Dulloomoofi jajjaboo Rakkoo uummanni dulloomaa deemuun biyya irratti fidu xiqqeessuudhaaf ogeessonni dhimma uummataa immaammataaleen kunuunsa fayyaa ga'eessotaaf barbaachisan jajjabeeffamuu qabu jedhu. Yaada kana kan dhiyeessaniifis namoonni fayyaa qaban yeroo dheeraadhaaf waliti fufinsaan humna guutuudhaan ni hojjetu jedhamee amanama. "Dinagdeewwan hirmaannaa humna namaa hedduu qabaatanii muuxannoo heddumminaan dubartootaaf carraa kennuu qaban carraan guddinni isaanii duubatti deebiyuu xiqqaadha. Faayidaan hojii keessatti dubartoonni baayyachuu akka dinagdeen sun rakkoo kufaatii dandamatu gochuu qofa osoo hin taane, humna hojii dubartoonni itti baayyatan qabaachuun akka human guddaa iyyummaa balleessuuttis ilaalama," jechuun ibsa ILO'tti ogeessi dinagdee Ekkehard Ernst. Wanti hin oolleefi beekamuu qabu egaa saatiin deemaadhuma jira.
oduu-45651783
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45651783
Bakka bu'oonni qeerroofi abbootii gadaa 60 saba Gaamoo galateeffachuuf Arbaamiinci galan
Walitti bu'iinsa tibbana naannoo Buraayyuutti umameen walqabatee olmaa fakkeenyummaa jaarsooliin saba Gaamoo taasisaniif galata galchuuf bakka bu'oonni qeerroo fi abbootii gadaa har'a Oromoo Arbaaminci galan. Imala kan kan hoogganan hoogganaan Biiroo Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Dr. Milkessa Miidhagaa akka BBC'tti himanitti, kaayyoon imala galataa kun inni guddaan jaarsoolii Saba Gaamoo jaalala dhugaa fi obbolummaa agarsiisaniif galata agarsiisuuf.
Jilli gareen gara Magaalaa Arbaaminciitti imalee kunis dargaggootaa, maanguddootaa fi abbootii gadaa 60 tahan of keessaa qaba. Wayita gara sanatti imalanittis simannaa ho'aan daandiirratti taasifamaaf turuu isaa kan himan Dr Milkeessaan, jaarsoolii saba Gaamoo hojii gaarii raawwatan kanneen qaamaan dhaqanii galateeffachuu waan barbaadaniif imalicha taasisuusaanii himaniiru. Kana malees ''biyyi tokkoo ijaaramuu kan jaalalaan kan ijaaramtuufi akkasumas mo'achuun kan danda'amu jaalalaan qofaan'' kan jedhan hoogganaan kun, kisaaraa malee bu'aan nama ajjeessu irraa buufatamu akka hinjirree dubbataniiru. Walitti dhiyaatanii mari'atuun ijaarsaa biyyaafi jaalala sabaafi sablamileetiif gummaacha guddaa akka qabaatulleen himaniiru. Gochaan amma isaan taasisaa jiran kunis qaamuma falaasama 'ida'amu' ministirri mummichaa Dr Abiyyi hordofan ta'ulleen dabaluun himaniiru. Haaluma imala isaanitiin walqabateenis kabaja ayyaana Masqalaa Saba Gaamoo biratti Kamisa haala ho'aan kabajamu fi jijjirraa bara haaraa Sabichaa waliin kabajuuf karoora akka qabanis barameera. Haaluma kanaanis bakka bu'oonni dargaggoota Oromoo garasitti imalanis dargaggoota Gaamoo waliin jala bultii ayyaanichaatii kaasuun waliin jaalalaan akka dabarsan himaniiru. Jilli garee gara Magaalaa Arbaamincitti imale kunis dargaggoota, abbootii gadaafi maanguddootaa naannoo Oromiyaa bakkee garaa garaa irraa walitti babbahaniifi qondaaltoota mootummaa kan hammate ta'unsaa illeen barameera. Akkasumas imalichi walitti dhufeenya ummattoota biyyattii cimsuun alattis, keessatti aadaawwan nageenyaa, wal qixummaa fi tokummaa ummattoota kibbaa bara dheeraa akka ifatti bahuuf yaadamee kan kiyyeeffate ta'ulleen Dr Milkeessaan himaniiru.
oduu-52859073
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52859073
Oromiyaatti haalli shakkamtootni Covid-19 itti tursiifaman maal fakkaata?
Lakkoofsi namoota naannoo Oromiyaa keessatti Covid-19 irratti argamu guyyaa guyyaan dabalaa jira. Magaalotni Oromiyaa dhiyeenya Finfinneetti argaman kan akka Sabbataa, Sandaafaa, Burraayyuu, Adaamaa, Dukam fi Baatuu namoota dhibeen Covid-19 irratti argame harka caalmaan yeroo qabatan, godinaaleen Shawaa Kaabaa fi Shawaa Lixaas iddoowwan weerarri vaayirasichaa itti argamedha.
“Wallagga afran, Ilu Abbaa Booraa fi Bunno Beddellee irraa kan hafe iddoowwan baay’eetti rakkoon kun mul’achaa jira” jedhu itti aanaa hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa yaada BBC'f kennaniin. Tumsa'ina, ittisa fi to’annoo Covid-19'f naannichi iddoowwan tursiisaafi hordoffii 370 akkasumas tajaajila wal’aansaa Covid-19'f immoo hospitaalota 22 qopheessuu isaas Obbo Darajjen himaniiru. Oromiyaatti nama 8 dabalatee namootni haaraan 137 Covid-19'n qabaman Bitooteessaa hanga Caamsaatti haalli Covid-19 Itoophiyaatti maal fakkaataa? Yeroo ammaattis naannoo Oromiyaa keessa namootni 520 sababa tuttuqqaa namoota vaayirasichaan qabaman walin qabanin fi namootni 20 immoo shakkamanii buufataalee turtiifi hordoffii keessa jiru. “Haalli as jiru baay’ee rakkisaa dha…”Jiraataan magaala Holotaa dargaggoo Girmaaye Shuree torbee tokko dura wal’aansa dhibee biraatif Hospitaala Phaawulos deemee akka ture fi ogeeyyin fayyaa isa wal’aanan dhibeen Covid-19 irratti argamuu isaatin shakkamee gara iddoo tursiisa shakkamtoota magaala Holotaa keessatti argamu fi buufata Fayyaa Galgal Kuyyuu jedhamu seenusaa BBCti hime. Sanbata duraa Caamsaa 15 bara 2012 gara buufatichaa akka seene kan himu dargaggoon kun “haalli as jiru baay’ee rakkisaa dha. Buuffanni fayyaa kun dhiyeessiiwwan bu’uraa kan akka ibsaallee hin qabu” jechuun rakkoo keessa akka jiru dubbata. Haala yeroo jalqaba gara iddoo tursiisaa seenu ture yeroo himus “gaafan jalqaba gara buufatichaa seenu ogeeyyin fayyaa na baqatan. Guyyoota lamaafis hoo’a qaama kootillee safaruu hin dandeenye” jedha. Dabalataan kunuunsi gama ogeeyyii fayyaatin taasifamu gadi aanaa ta’uu isaa kan himu dargaggoon kun, “kun bakka namni itti yaalamee fayyu osoo hin taanee bakka namni fayyaan dhufee itti dhukkubsachuu danda’udha. Waliigalasaa mana sirreessaati jedhee yoon ibse natti salphata” jedha. Soorata isaaf dhiyaatus “namaaf kan hin malledha” jechuun kan ibsa.“Nyaata festaalin rarraasanii fidanii mana jala lafa kaa’anii deemu. Ergan buufata kana seenee guyyaa tokko qofa kan nyaata qodaadhaan naaf fidan” jechuun hima. Haalli buufaticha keessa jiru miira isaa kan miidhe ta’uusaa BBCti kan hime Girmaaye Shuree, “nama dhukkubni kun qaama koo keessa jiramoo hin jiru jedhee dhiphatu dhiisii nama fayyaa ta’eefillee ulfaataadha” jechuun BBCti himeera. “Manakoo turuurra as turuu naaf wayya…”Miseensoota maatii isaanii namoota shan walin ta’uun buufata tursiisaa magaala Sabbataatti kan argaman Obbo Yilmaa Tafarii “wanti nuuf dhiyaatu hunduu guutuu dha” jechuun turtii isaanii buufaticha keessaa ibsu. Obbo Yilmaa kunuunsi ogeeyyii fayyaan taasifamuf, iddoon bultii akkasumas dhiyeessin soorataa gaarii ta’uu isaa BBCti himaniiru. “Wanti kun akkuma dhagahamen Sabbataan miila tokkoon dhaabbatte. Osoo hin qulqulleessin jahan keenyayyuu akka dhibichaan qabamnetti haasa’amaa ture” kan jedhan Obbo Yilmaa Tafarii “mana taa’urra as seenee bu’aa koo baree galuu naaf wayya” jedhan. Ji'oota weerarri Covid-19 Itoophiyaa mudate keessatti jiruun narsootaa akkam ture? Finfinneetti tamsa'inni Covid-19 to'annoon ala bahaa jiraa? Obbo Yilmaan isaan fi maatin isaanii gara buufatichaa erga dhufanii guyyootni saddet lakka’amuu fi guyyoota 14 hanga xumuranitti eeggachaa akka jiran himaniiru. Gama biraatin Somaaliyaa irraa akkuma dhufaniin gara buufata tursiisaa Yunivarsiitii Odaa Bultum magaala Cirootti argamutti kan geeffaman dargaggoo Najjo Mahaammad fi Nuuraddin Jamaal haalli buufaticha keessatti itti jiran gaarii ta’uu isaa BBCti himaniiru. Kutaa tokko keessa namoota afur ta’anii akka jiraatan kan himan dargaggootni kun tajaajila buufaticha keessaa argachaa jiran jajaniiru. “Koroonaa kana adda waan hin baafatinif nuti as turuun keenya gaarii dha. Ergan as dhufee boodan haala isaa fi waan hunda bare. Jalqaba yeroo dhufnu fageenya eeggachuuyyuu hin beknu ture. Amma garuu barannee fageenya keenya eeggannee jiraachaa jirra” jecha dargaggoo Najjoo Mahaammad. Yaada Biiroo Fayyaa Oromiyaa…Komii dhimma soorataa buufata magaala Holotaatii ka’e kan gaafanne magaalichatti qindeessaan hojii dhimma Covid-19 Obbo Balaay Kuumsaa “Ani qabatamaan nyaatasaa ittin deddeebisuuf mana qopheessaatin saahinaan lama bitamuusaa nan beeka” jedhan. Dhimmi ibsaas miidhamuu raabsaa elektriikii /tiraanisfoormarii/ irraa kan ka’e ta’uusaa BBCti himan. “Yeroo kana keessa in ni dhukkubsates, inni shakkames, inni fayyaa jirus wal hubannoon deemun barbaachisaadha” jechuun barbaachisummaa tumsa waliiniis dubbatan. Gama biraatin yeroo ammaatti buufataalee tursiisaa fi hordoffiif magaalotni fi godinaalen soorata dhiyeessaa akka jiran BBCti kan himan hogganaa itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajje Abdannaa hammuma lakkoofsi namoota buufataalee tursiisaa seenan dabalu garuu hojiin soorata dhiyeessuu magaalota fi godinaaleetti cimuu waan danda’uf Ministeera Fayyaa walin mari’ataa akka jiran himan. Dhiyeessii meeshaalee ittisaa /protective equipment/ kunneen akka maaskii wajjin walqabatees buufataalee kunneen fi dhaabbilee tajaajila fayyaa biroo keessatti hanqinni akka jiru kan himan Obbo Darajjee Abdannaa, bajata qabamen bittaa raawwachuu fi gargaarsa Ministeera fayyaaf dhaabbilee garaagaraa irraa argamus raabsaa akka jiran himan. Haa ta’u malee qaawwa gama hanqina meeshaalee ittisaan jiru kana xiqqeessuf hojjetamaa jiraatus hanqinicha guutummaatti hanqinichi ni dhaabbata jechuf rakkisaa ta’uu dubbatan.
oduu-53595185
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53595185
Hidha Haaromsaa Itoophiyaa: Dhimma hidha laga Abbayyaa Itoophiyaa gammachiisee Masrii dheekkamsiise
Itoophiyaan rooba gannaa baranaa keessa hidha laga Abbayyaa irratti ijaartuu fi falmii guddaa kaasetti bishaan guutuu jalqabuun, biyyattii keessatti gammachuu uumuus, Masrii mufachiiseera jedha xiinxalaan Masrii Magdi Abdelhaadii BBC'f barreesse.
Biyyi kaaba Afrikaatti argamtu Masriin yaa’a laga Abbayyaa gara olirratti misoomni kamiyyuu akka hin dalagamne mormaa turte. Sababni ijoon mormituuf amma bishaan argattuu hir’isa yaaddoo jedhurraa madda. Kanaaf dhimma pirojektii Itoophiyaan lagicha irratti ijaartu akka biyyatti dhabamsiisuuf yaaddoo uumuuf deemutti kaafti. Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa bara 2011 eegalame amma bishaan kuufachuu eegaleera. Hidhaan kun ganna kana bishaan Meetir kiyuubii biliyoona 4.9 waqtii gannaatti kuusuuf ijaarame. Masriin garuu akkaataa qabiinsa hidha kanarratti dursa waliigaltee seera qabeessa osoo hin mallatteessiin bishaan hidhichatti guutuun jalqabamuu hin qabu jettee ejjannoo qabattetti cichite. Hidhi annisaa elektirikii maddisiisu Afrikaatti isa guddaa ta’uuf deemu kun ganna 4-6 tti bishaan meetir kiyuubikii biiliyoona 74 gahu qabachuu danda'a jedhame yaadama. Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan biyyootni lagichi qaxxaamuru waggootaa dhimma lagicharratti mariyachaa turan, garuu ijaaarsi hidhicha akkasumatti itti fufe. Bara 2015 waliigaltee miira waltumsuuf qajeelchuuf fayyada jedhan biyyoonni kun mallatteessan, Masriin garuu waligaltichi hanqina qaba jettee kaafti. Waggoota dheeraaf Masriin sadarkaa idila-addunyaatti Ameerikaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii giddu seenanii dhimmicha akka ilaalan/taajjaban gaafataa turte. Masriin karaa kanatti hin milkoofne. Waliigaltee biyyoonni yaa’a olii pirojeektii guddaa akkasii wayita eegalan dursa biyyoota yaa’a gadii mariisisuu barbaachisa jedhu Itoophiyaan akka fudhattu Masriin dirqamsiisuu dadhabde. Ammatti Masriin otoo hin mormiin fudhachuurra kan darbe, filannoo waan hin qabneef badiin caalu akka hin uumamne fudhachuuf dirqamte. Garuu tarkaanfii humna waraanaa fudhachuu filannoo keessaas hin baafne. Qondaaltoonni biyyattii garuu mariidhaan waldhabbii jiru hiikuuf kutannoo qabaachuu irra deddeebiin dubbachaa turan. Haa ta’u malee, jecha akeekkachiisa of keessa qabdu ''filannoon hundi dura keenya jira’' jedhu fayyadamuu hin dhiifne ture. Waliigaluu yoo dadhabne tarkaanfii humnaas fudhachuu dandeenya akka jechuuti. Kanaaf tarii walitti bu’iinsa kaasu mala jedhamees yaaddoo uume. Mootummaan biyyattii irra deddeebiin dubbiin laga Abbayyaa dhimma du’uufi jiraachuuti jedhee ibsaa ture. Dhugaan jirus hidhi kun hamma bishaanii haalaan kan hir’isuu yoo ta’e, Masriif yaaddoo hamtuudha uuma. Amma garuu mootummaan Masrii hidhicha bishaaniin guutuu dhimma ilaallatu tasgabbiin ilaaluuf yaalera. Mootummaan biyyatti akka ibsetti, Masriin adeemsa dippiloomaasii dhimmicharratti Gamtaan Afrikaatiin durfamuun gaggeeffamu akka fudhattu beeksise. Haa ta’u malee, Itoophiyaan tarkaanfii addatti/qophaatti fudhattu kamiyyuu hin fudhannu jedhu. Hiyyummaa bishaanii Waliigalteen fuulduratti irra gahamu kamiyyuu mirga Abbayyaarratti qabdu, bishaan 55bcm kan hin hir'isne ta’uu akka qabu, Masriin kan watwaattu. Waggaatti giddugaleessaa bishaan Abbayyaa 49bcm tu gara Masriitti yaa’a. Itoophiyaan garuu amma bishaanii murta’aan karaa hidha kanaa akka yaa’uuf Masriin barbaadduu amantee eeyyamuufi irra deddeebitee didde. Hidha: Itoophiyaa fi Masriin hidhaa Laga Abbayyaarratti maaliif waliigaluu dadhaban? Masriin kuni akka waliigalteetti otoo hin sharafamiin argachuun qaba jetti. Deebiin aanga’oonni Masrii kennan kun dhimmicha furuu caalaa humna dhabuun dallansuusaaniif qaban kan agarsiisu ture. Masriin qabeenyummaa lagichaarratti gaaffiin kaaste akka yaadanimaa turetti hin milkoofneef. Sababiin isaa Masriin duraan dhimmi Abbayyaa dubbii laaftu miti, dhimma du’uuf jiraachuti jechaa turte. Masriin biyya goginsa/gammoojjummaa jabaa qabdu, qabeenya bishaaniin biyya hiyyeettiidha. Namni tokko waggaa tokko keessatti bishaan qulqulluu meetir kiyuubii 1,000 gadi kan argatu taanaan Baankiin Addunyaa hanqina bishaaniitu jira jedhee ibsa. Masrii keessatti namni tokko giddugaleessaan bishaan meetir kiyuubii 550 caalu hin argatu, akka mootummaan biyyatti ibsetti. Kaartaa biyyattirraa hubachuun akka danda’amutti ummata miil 100 biyyatti qabdu keessaa harki 90’n sulula laga Abbayyaa dhiphoo keessa qubatanii jiraatu. Lafa gammoojjii bal’aa biyyattin qabdu keessaa iddoo bali’nni isaa harka 6 hin caalleerra gubbaa qubatanii jiraatu. ‘Morkii bu’aa ofii kabachiifachuu’ Lagni Abbayyaa madda bishaan dhugaatii fi misooma qonnaa Masriiti. Bishaan kubiik meetirii biiliyoona 55 biyyattiin argachaa jirtu hanga bishaan biyyattii duraanuu argachuu feetu guutuu hin dandeenye. Sadarkaa mootummaatti ifatti dhimma kanarratti miidiyaa biyyattirratti dhiyaatanii qondaaltoonni biyyattii qeeqa dhiyeessuurraa of qusataniis, namoonni kaan garuu yaadasaanii kennuurraa hin callisne. Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan duraanuu Masrii callisisuuf karoorsitee mariyachaatuma, laga kana guutummaatti to’achuun harkatti galfatte. Wal dhabbiin jiru itti fufe. Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Gadduu Andargaachaw wayita hidhi kun bishaan kuufachuu jalqabu ''Abbayyaan laga ture, amma hidhamee haroos, lagas ta'e. ''Itoophiyaan haroo kana dhimma barbaaddeef itti fayyadamu dandeessi. Dhuguma Abbayyaan kan keenya ta'e,'' jechuun ibsan. Dubbiin kun Masriin duraan sodaatamaa turte, amma booda waa hin uumtu kan jedhuu fi namoonni kan yaaddoo karaa kamiyyuu jiruu kaasuun muraasni deebii barreeffama kana jalatti kennaa turan. Dhimma kanarratti lammiin Masrii, Imaad-al-Diin Husayan gaazexaa ‘Daily Shorouq’ jedhamuuf barreesse tokko, Itoophiyaan morkii lagicharratti ture irratti bu’aa ofii kabachiifatte jedhe mufiisaa ibsuun barreesse. Ammas garuu dhimmichi hin goolabamne jedhee kan barreeffama isaa dubbisan hubachiise. ''Itoophiyaa laga Abbayyaa malee nuti hin jiraannu, ni duuna kan jennee itti himnus amanuu didde. Laggeen baay’ee qabu waggaatti rooba amma kubiik meetirii biiliyoona 950'tti dhiyaatu argatu. ''Nuti bishaan qicaa kuubik meetirii biiliyoona 55 arganna. Amma argachuu barbaannuu keessa gartokkee qofa. Kunimmoo amma horiin isaanii waggaatti dhugdu hin caalu,’’ jedhee barreesse. Waliigaltee karaa dippiloomaasii Masriin akkaataa bishaan qisaasamarra hambisuun danda’amurratti hojii hedduu eegalteetti. Bishaan booruu ooyiruu qonnaarratti lola’e deebisanii itti gargaaramuu fi tooftaa jallisii duraan baratameerra adda ta’e copha bishaanii hundee biqiltuu jalatti buusuuf akka fayyaduuf (drip-irrigation) fayyadamuun bishaan qusachuu jalqabuun tarkaanfii eeramaniidha. Haa ta’u malee, falmii dhimma laga kanarratti ka’eeratti Masriin hiyyummaa bishaanii qabdu eeruun tumsa hawaasa addunyaarraa argachuuf tarkaanfii jabduu deemte. Marii dhimma laga kanarratti gaggeeffamu irratti lammileen Masrii Gamtaa Afrikaatiin marii gaggeeffamutti illee hin gammanne. Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamapoosaan Itoophiyaaf loogu jedhanii amanu. Yoo mariin gaggeeffamu furmaata otoo hin kenniin firii quubsaa malee goolabame. Masriin dhimmichi mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti akka ilaalamu, deebistee fudhachuu barbaaddi. Akkaataa kanaan Itoophiyaa harka akka sassaabbattu gochuu dandeenya jedhanii amanu. Waa'ee hidha kanaarratti dabalata dubbisaa: Haa ta’u malee, dubbichi biyyootni miseensota mana mare dhaabbatichaa shanan sagalee walfakkaatuun raggaasisuufi laata? kan jedhu amansiisaa miti. Gabaasni tibbana bahe sirumayyuu akka agarsiisutti, Chaayinaa fi Raashiyaan tarkaanfii akkasii ni mormu. Sababni isaammoo biyyoonni lamaan akkanumatti dhimma laggeeniirratti biyyoota ollaasaanii jiran wajjin wal dhabbiitti seenu hin barbaadan. Garaagartummaa Masrii fi Itoophiyaa gidduutti mul’ate dhiphisuun riqicha gidduusaanitti uumuu dadhabuun biyyoota lamaan giddutti balaa uuma. Rakkoo goginsaatiin Masrii irraa namoonni jumlaan godaanuun, rakkoon isaa biyyoota Kaaba Afrikaa kan qaqqabu qofa otoo hin taane, Awurooppaallee hin hanqatu. Biyyoonni Afrikaa gurguddoon lamaan kunniin waraanaatti seenuunis, Afrikaa qofaaf otoo hin taane addunyaaf yaaddoo uuma.
oduu-56065401
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56065401
Lola naannoo Tigiraay: 'Wayita loltuun dirqiin na gudeeduuf yaaluttin harkakoo dhabe'
Shamarreen Itoophiyaa umurii mana barumsaa keessa jirtu tokko wayita loltuu dirqamaan ishee gudeeduuf yaaleefi takka ammoo akaakayyuushee waliin saal-qunnamtii raawwattuuf dirqisiise tokko ofirraa ittisuuf jecha harkashee itti dhabde BBCtti dubbatti.
Akeekkachiisa: Namoonni tokko tokko ibsa odeessa kana keessa jiruun miira keessa galuu maltu. Shamarreen umuriinshee waggaa 18 taate, kan nuti maqaashee dhahuu hin barbaadne kun, miidhaa isheerra gaherraa fayyuudhaaf hospitaala kaaba Tigiraay keessa ji'oota lamaa ol turteetti. Lolli Tigiraay keessatti jalqaba ji'a Sadaasaa bara 2020, humni TPLF loltuu federaalaa Iizii kaabaa qabachuu hordofuun yeroo MM Abiy Ahmad paarti naanicha bulchaa jiru maqsuuf, jalqabame mul'atasheefi hiriyyootashee waliin baratan biroo hedduu jalaa balleesseera. Erguma, mo'ataa Badhaasa Noobelii Nagaa kan ta'an, MM Abiy Sadaasa 29 humnoonni federaalaa magaalaa guddoo Tigiraay, Maqalee, qabachuun moi'cha labsaniillee harki caalaan isaanii maatiiwwan biroo magaalaasaan keessa jiran waliin gara gaarreewwaniitti baqatan. Kanaaf ammoo sababiin humnoonni nageenyaa miseensota TPLF warra harka kennachuu didan adamsuudhaaf oppereeshinii eegalan. Kun ammoo himannaawwan jiraattota Tigiraay irratti miidhaan mirgoota namoomaa hamaa ta'e raawwatamuu akka dhaga'aman taasieera. Aanga'oonni garuu himannaawwan jedhaman ni waakkattan. Barattuun kuniifi akaakayyuun ishee manasaanii magaalaa Maqaleerraa gama lixaan km 96 faggaattee argamtu Abbii Adii jedhamtu keessatti argamu keessatti hafan. Sababiin isaa ammoo fagaatanii deemuun isaaniif rakkisaa ture. Shamarreen ol adeemtuun kun akka jettutti gaafa Mudde 3 loltuun yunifoormii loltuu Itoophiyaa uffate tokko loltoonni Tigiraay eessa akka jiran baruun barbaada jechuun manasaaniitti ol seene. Erga mana keessa barbaadee tokkoyyu dhabee booda, akka sireerra ciisaniif ajajuun naannoosaatti dhukaasuu jalqabe. "Isaan booda akka akaakayyuunkoo ana waliin saal-qunnamtii raawwatuuf ajaje. akaakayyuunkoos baayyee haare... isaan wal loluu jalqaban," jetti samarreen kun. Loltuun kun, jaarsa dulloomaa kana gadi baasee qoleesaafi sarbaasaarra erga rasaasaan rukutee booda du'eera jedhee garasheetti deebiyuu dubbatti. "Akkas jedhe: 'Amma namni si oolchu tokkoyyu hin jiru. Uffatakee ofirraa baasi.' Akkan ofirraa hin baasneef isan kadhadhe, inni garuu irra deddeebiyee na rukute." Wanta keessa jirturraa kan ka'e waan gootu wallaaltulleen, wallaansoon isaanii daqiiqqaawwan baayyeef itti fufe. Dhumarratti garuu baayyee aaruun qawweesaa isheetti galagalfate. "Harka mirgaakoo si'a sadii rasaasaan rukute. Miillakoos si'a sadii rasaasaan rukute. Yeroo dhukaasa diidaa dhaga'u ba'e." Akka carraa ta'ee of wallaalullee akaakayyuunshee lubbuun ture. Gargaarsallee bahanii barbaaduu sodaachuudhaan guyyaa lamaaf naasuun miidhama isaanii qabatanii manasaanii keessatti dabarsan. 'Haqni gonkumaa hin jiru' Wanti shamarreen kun dhugaa baatu, waa'ee himannaa dirqiin gudeeduu Tigiraay keessatti raawwatamuu irratti yaaddoo ergamtuun dhimma miidhaa saal-qunnamtii bakka lolaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Aadde Piraamilaa Paaten isbsitee deeggara. Tigraay keessatti haleellaan saalaa raawwatamu isa yaachisuu UN beeksise Akka ergamtuun UN kun jettutti, ''himannaan namoonni miseensa maatii isaanii waliin saalqunnamtii akka raawwatan dirqisiifamuu gabaasaaleen nama rifaasisan jiru". Dhaabbilee fayyaa waabeffachuunis namootni qoricha to'annoo ulfaa bitataniifi dhibeewwan saalqunnamtiin daddarbaniif qorannoo taasisan dabaluu himaniiru. ''Kunis wayita lolli jirutti haleellaan saalaa raawwatamuuf agarsiistuudha,'' jedhan. Buufataalee baqattootaa keessatti dubartootni dirqiin gudeedamaa jiraachuu ragaaleen agarsiisan heddummaachaa jiraachuunis ibsameera. Paartileen mormituu Tgiraay sadii, fakkeenya abbaan tokko qawweedhaan doorsifamuun akka intalasaa gudeeduuf dirqisiifamuu kaasuun ajjeechaan murtii tokko maleefi gareen ta'uun dirqamaan gudeeduun "gocha guyyaa guyyaa" ta'eera jedhan. Doktorri tokkoofi miseensi garee mirgoota dubartootaaf hojjettu tokko - lamaan isaaniiyyu akka maqaan isaanii hin eeramne barbaadan -Amajji keessa BBCtti akka himanitti lamaansaanii gidduutti ijoollee durbaa umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'an Maqaleetti dirqamaan gudeedamne jedhan yoo xiqqaate 200 hospitaalotaafi buufataalee fayyaa gara garaa keessatti galmeessaniiru. Harki caalaan isaanii akka jedhanitti namoonni miidhaa isaanirraan gahan kunneen uffata yunifoormii loltuu Itoophiyaa uffatu. Erga gochi akkanaa irratti rawwatamees akka gargaarsa wallaansa fayyaaf hin gaafanneefis akeekkachiifamaniiru. "Qaamarraa miidhaa qabu. Gariin isaanii ammoo gareedhaan gudeedaman. Tokko ammoo tursiisuun torban tokkoof gudeedamte. Innumaattuu of hin beektu. Poolisiin waan hin jirreef, haqni cirumaayyu hin jiru," jedha doktorichi kun. Rogeettiin mirgoota namoomaa akkas jedhan: "Kutaalee Tigiraay biroo keessaas seenaa rifaasisu wal fakkaatan dirqisiisanii gudeeduu waliin walqabatan dhageenyeerra. Garuu sababii geejjibni hin jirreef isaan gargaaruu hin dandeenye. Baayyee nama gaddisiisa." Ogeessi fayyaa biraan hospitaala Maqalee keessa hojjetu tokko akka jedhutti, dirqamaan gudeedamuu himachuun guyyaatti dubartoonni shan ykn ja'a qoricha farra-HIV fi qoricha ulfa ittisuuf ammaafi ammatti fudhatamu argachuuf ni dhufu. Wayinii Abrahaa garee mirgoota dubartota Tigiraayiif hojjetu Yikono (Ga'a) jedhamurraati. Hanag dhuma Muddeetti Maqalee kan turte Wayiniin, lolicha keessatti dirqamaan gudeeduun akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jiraachuu akka amantu BBCtti himteetti. ''Dubartoonni hedduun Maqalee keessatti dirqamaan gudeedamaniiru. Kun ammoo hamilee ummatichaa cabsuun abdii kutanii akka lola dhaabaniif ta'e jedhamee kan raawwatamudha." Dursaan Waraana Itoophiyaa Birahaanuu Juula Galaalchaa himannaawwan akkasii kana ni wakkatan. "Humnoonni ittisaa keenya dirqamaan hin gudeedu. Isaan shiftoota miti. Isaan humnoota mootummaadha. Humnoonni mootummaa ammoo naamusaafi danbii ittiin hojjetu qaba," jechuun BBCtti himan. Kantiibaan yeroo Maqalee haaraa muudame Ataakiltii Hayilesillaasee, lakkoofsi gareewwan mirgoota namoomaaf hojjetamaniin eerame duunyaamatti arbeessuudha. Mootummaan dhiyeenya kana garee (taaksifoorsii) namoota ministeerota dubartootaafi fayyaa, akkasums waajira abbaa alangaarraa qabate himannaawwan kanneen akka caalaan qorataniif gara Tigiraayitti ergeera. Gareen kun dirqisiisanii gudeeduun raawwatame jiraachuu argeera garuu gabaasni guutuu ammallee hin baane. Torban darbe Komishiiniin Morgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen, guutummaa Tigraayiitti baatiiwwan lamaan darban keessaa miidhaan dirqiin gudeeduu 108 gabaafamuu ibsee ture. Caasaaleen akka poolisiifi dhaabbileen fayyaa bakka namoonni miidhaan saal-qumnamtii waliin walqabte itti gabaasan bakkasaanii akka hin jirres amaneera Komishinichi. 'Injiinara ta'uun barbaada' BBCn dhimma ol-adeemtuu Abbii Adiirratti doktora tokko erga inni harkashee irraa muree dubbisee ture. Itoophiyaafi Ertiraan lola Tigiraay keessatti hirmaachuu Ertiraa wakkatanillee, shamarreen kuniifi akaakayyuunshee loltoota Ertiraa naannoo sana keessa barbaacharra turaniin guyyaa lamaa booda akka argaman isatti himan. Ertiraanonni madaasaanii ilaalanii loltoota Itoophiyaa hospitaalli Abbii Adii keessaa waan cufamee tureef Maqalaa isaan geessanitti isaan kennuu dubbatu. Akaakayyuun intalaa amma madaasaaniirraa fayyaniiru, isheen garuu harki irraa muramuu hordofee ammallee wallaansa ishee barbaachisa. Miillishee mirgaas hidhaa (pilaasterii) keessatti hafee jira. Waa'ee mul'atashee karaatti hafee boo'aa siree hospitaalaarraa BBCtti dubbatte. Osoo lolichi hin jalqabamiin dura barnootashee bara darbeen, hawwiinshee yunvarsiitii galuun Injiinaringii barachuun akaakayyuushee erga haatishee duutee ishee guddusaa jiru gagaaruuf ture. Siree isheen irra ciiftu cinaa kan jiru akaakayyuunshee yeroo isheen harqantee boossu ciniinnataa: "Akkamiin danda'ama? Ta'uu qaba jedhee waanan yaade ta'uu hin danda'u."
oduu-54395728
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54395728
Godaansa: Godaantonni Itoophiyaa ta'uu hin oolle jedhaman Jabutiitti deebiyaa turan du'an
Qarqara galaanaa Jabutiitti yoo xiqqaate godaantonni saddetti du'anii, 12 ammoo eessa buuteen isaanii dhabamuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Dhimma Baqattootaa beeksise.
Godaantonni du'aniifi achi buuteen isaanii dhabame kunneen qarqara galaanaa Jabutiitti warreen seeraan ala namoota dadabarsaniin dirqamaan bidiruu irraa erga darbatamanii booda jedhameera. Akka gabaasa Ejensichaatti, godaantonni 30 ol ta'an bidiru sanaan imalaa turan kunneen lammilee Itoophiyaa ta'uu malu jedhmameera. Godaantonni qarqara galaanaatti balaan irra gahe kunneen Yaman irraa gara Afrikaa Bahaatti deebii'uudhaaf yaalaa kan turaniidha. Dubbi Himaan Dhaabbata Dhimmoota Godaantotaa Idil-addunyaa (IOM) namoonni balaa kanarraa hafan 14 Jabutiitti wallaansa fayyaa argachaa jiru jedhan. Saawud Arabiyaan tarkaanfii weerara koronaavaayirasii to'achuudhaaf jecha fudhachaa jirtuun godaantota gara biyyashee seenuuf jedhan ari'ataa jirti. Sababa kanaanis godaantonni Afrikaa 14,000 ta'an gara biyyaatti deebii'uuf yaalan Yamanitti danqamanii jiru.
oduu-47329905
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47329905
Xiinxala: Afrikaa keessatti dimookraasiin duubatti deebi'aa jiraa?
Filannoowwan hedduun Afriikaa keessattti gaggeeffamaa jiru, haata'u malee xiinxaltoonni hedduun filannoowwan kana "seera qabeessadha garuu fudhatama kan hin qabnedha" jechuun qeequ.
Ejentoota filanooo Dimokiraatika Rippablika Koongoo Qorannoon akka agarsiisutti Afrikaanonni garri caalan sirna dimokiraasiin buluu kan barbaadan ta'ellee, moodeliin sirna bulchiinsaa abbaa hirree akka filannootti gaggeessitootaan ilaallamaa akka jiru gabaasaan BBC Dickens Olewe ni dubbata. Waggoota sadan darban keessa biyyoonni Afriika hirmaannaa siyaasaa gaarii irraa gadi kan bu'aniifi ol aantummaan seeraas akka gadi bu'e xiinxaltoonni ni dubbatu. Yunivarsiitii Barmingihaamitti Piroofesera Dimokiraasii kan ta'an Nik Cheeseman xinxala waggaa sadii taasisan keessatti, "yeroo ammaa biyyoota Afriika 54 keessaa, biyyoonni dimokiraasii fakkeessan (15) abbootii irree hamoo (16) ta'anitu jiru." Naayijeeriyaan, filannoo yeroo darbe guyyaa isaa jijjiirtee Sambata gaggeeffatte tarree warra "dimokiraasii fakkeessan" keessatti argamti. Akka qorannoo dhiiyeenya kana Afrobarometer dhiyeenya kaan biyyootta 34 keessatti gaggeesseen rakkoon jiraatullee, yoo xiqqaate Afrikaanonni %68 hawwaasa banaafi bilisa ta'e keessa jiraachuu filatu. Lakkoofsi kun garuu bara 2012 %72 irraa gadi bu'eera. Muuziqaadhaan beekamaa kan ta'e Saliif Keyitaa dimokiraasiin Afrikaa keessatti kufeera jedha "[Afrikaanonni] dimokiraasii irraa bu'aa caalaa barbaadu. Malaammaltummaa gadi xiqqaate, iftoomina dabale, ajjeechaafi ukkaamsaa gadi xiqqaate, carraaawan dinagdee caalaa barbaaadu," jedha Daarekterri Ol-aanaafi hundeessaa Afrobarometer keessaa tokko kan ta'e Emmanuel Gyimah-Boadi. "Fedhii kana dhiibuufi barbaacha kana deggeruudhaaf fedhii michoota alaati-ta'uu baannaan guddinni biyyaalessaa moodeloota dimokiraasii walabaawaa hin taane kan caalaatti hawwatamu ta'aa dhufa," jedha itti dabaluun. Lammiin Maalii Muuziqaadhaan beekamaa kan ta'e Saliif Keyitaa dimokiraasiin Afrikaa keessatti kufeera jedha. Artistiin beekamaa kun garuu dimokiraasii irraa garaa kutateera. Dhiyeenya kana akka yaada kennetti, ardittiin "mootii abbaa hirree gara laafessa kan Chaayinaa fakkaatu" ishee barbaachisa jedhe. "Dimokiraasii qabaachuudhaaf, namoonni dimokiraasii hubachuu qabu. Kanaaf, yeroo uummanni biyyattii keessa jiran %85 ta'an dubbisuufi barreessuu hin dandeenyetti namoonni akkamiin hubatuudha," jechuun gaafata. 'Ani Tiraampiin nan jaalladha' US, kan dur irraa kaastee Afrikaa keessatti dimokiraasiin akka guddattuuf dhiibbaa gochaa kan turte, erga Doonaald Tiraamp bara 2017 gara aangootti dhufee adeemsa harka keessaa fudhachuu kan hordofaa jirtu fakkaatti. Yeroo imaammanni bulchiinsi isaa Afrikaa irratti qabu hedduu turee dhuma irratti bara 2018 mullatetti, warreen waa'ee arditti taajjaban akka imaammatichi kan Ameerikaan yeroo hedduu leellistu: dimokirasii dagaagsuu, filannoowwan bilisaafi haqaa, mirgoota siyaasaafi namoomaa hin hammanne jechuudhaan yaada kennuuf yeroo isaanitti hin fudhanne. Isaan kunneen dhimmoota qabiyyee imaammataa ijoo bulchiinsota Ameerikaa darbaniiti. Karoorri imaammata Doonaald Tirump afrikaa irratti qabdu kan dimokiraasii leellisu miti Dhimma dimokiraasii caalaa imaammanni US waraana shorokkeessitoota irratti taasifamu, baasii Ergama Biyyoota Gamtoomanii ardittii keessatti qabu gadi xiqqeessuufi sochiiwwan Raashiyaafi Chaayinaa gaarerfachuudha. "Yoo [gaggeessitoonni Afriikaa] gaggeessitoota akka Tiraampiin ilaalanitti hin na'an. Inni yeroo mootota abbaa hirree kana yeroo harka fuudhutti kan baayyee gammadu fakkaata, kun ammoo akka isaan waanti tokko nurra ga'a osoo hin jedhiin sodaa tokko malee akka filannoo waliin dha'uu danda'an mallattoo isaaniif kenna," jedha Obbo Cheeseman. Marsaa ja'affaadhaaf bara 2021 keessa filannoodhaaf dorgomuudhaaf karoorfataa kan jiru Pirezedaantiin Yugaandaa Yoweri Musevenii, akka addaatti Pirezedaantii Ameerikaatiin cimsee jaja. Yeroo tokko ammoo keessa baasee, "Ani Tiraampiin nan jaalladha" jechuun Pirezedaantii Ameerikaan hanga ammaatti qabaattee keessaa hunda caalaa filatamadha jedhe. Bara 1991 keessa, Beeniin fi Zaambiyaan biyyoota duraan paartii tokkeedhaan turanii seenaa keessatti Afrikaa keeessatti filannoowwan paartii hedduu ta'aniiru - filannoo turan sunis paartilee mormitootaatiin mo'ataman. Waggaaa 30 booda, biyyi Afrikaa Lixaatti argamtu kun biyyooota Afriikaa 54 keeessaa sagal warra "bilisa" jedhaman keessa tokko yommuu taatu, Zaambiyaa ammoo gara biyya "gar-tokkeen bilisa" taateetti deebiteetti jedha gabaasni Firiidem Hawus kan bara 2019. Biyyoonni bilisa jedhaman lkakkoofsi isaanii waggaa kudhan darban keessatti hin jijjiiramne. Biyyoonni sadet - Senegaal, Gahaanaa, Beeniin, Namibiyaa, Botiswaanaa, Afriikaa Kibbaa, Lesoottoofi Moriishes - bakka isaanii eeggataniiru. Tuniiziyaan garuu bakka Maalii kan yeroo ammaa akka biyya "gariin bilisa taatetti" deebitee qabateetti. Angoolaafi Itoophiyaan "akka warra bilisa hin taaneetti" tarreeffamaniyyu, erga waggaa darbe keessa gaggeessitoonni haarawaa gara aangootti dhufanii booda "jijjiirama ajaai'baa" argamsiisaniru. Tekinooloojiifi filannoowwan Karaa sagantaa filannoo dhaabbataa ta'een aangoo dabarsuun biyyi tokko dimokiraatawadha ykn dimokiraatawaa miti jedhanii murteessuuf ulaagaa tokkodha. Biyyoonni tokko tokko filannoon amanamaafi kan itti gaafatama qabu taasisuudhaaf tekinooloojii hojiirra oolchaniiru garuu baayyinaan yaaddoo gama kanaan jiru hambisuudhaaf kan hojjetame xiqqaadha. "Biyyoonni Afriikaa hedduun filannoowwan amanamoo taasisuudhaaf tekinooloojii fayyadamuudhaaf yaalaa jiru, sun ammoo hojjechaa hin jiru," akkabarreessaan barreessaan Digital Democracy, Analogue Politics, Nanjala Nyabola BBC 'tti himetetti. Barreessituun kun filannoo Keeeniyaa bara 2017 tekinooloojiiwwan akka baayoomeetirii fayyadamuudhaan filattoota sobaa adda baafataniifi bu'aawwan filannoo ammoo meeshaa elektirooniksii fayyadamuun dabarsuu fayyadamtus filattoota irraa amanaa hin arganne akka fakkeenyaati kaasti. "Rakkoon inni biraan filannoowwan seera qabeessa garuu amantaa ummataafi fudhatama hin qabne biyyoota gaggeessanidha," jechuun BBC'tti himeera barsiisaa Yunvarsiitii oof Naayiroobii Godwin Murunga. Akka hayyuun kun biyyoota tokko tokko kan akka Dimokiraatika Rippabilika Koongoo kaasuun jedhutti dimokiraasiin kan Afrikaa kun bifa kan ofii isaa qaba. Keeniyaanota filachuuf galmaa'an Filannoon Dimokiraatika Rippabilika Koongoo keessatti taasifame akka ardittiitti isa baayyee walfalmiisisadha jedhamedha. Namoonni tokko tokko filannoo sanaan hannadha jedhu. Martin Fayulu, namni filannoo pirezedaantummaatiin lammaffaa ta'ee filatame filannicha, "Fobqolcha mootummaadha" jechuun BBC'tti himeera. Moodelii Ruwaandaa? Bara kana keessa, biyyoonni 15 filannoowwan bakka gara garaatti gaggeessaa jiru, garuu filannoowwan kunneen ammallee Dimokiraasiin Afrikaadhaaf ni hojjetaa laata kan jedhu gaaffii kaasaa jiru. Beeniitti filattoonni yeroo hiriiranii jiran Imaammanni US Afrikaa irratti qabdu dhuubbaa guddaa ni qabaata garuu dimokiraasiin ardittii keessa jiru akka gadi bu'uuf sababa guddaa miti, jedha Daarekterri Firiidem Hawuus Ton Temin yeroo BBC'tti himu. Gabaasni dhaabbatichaa dhiyeenya bahe akka agarsiisutti dimokiraasiin waggoota 13 darbaniif akka addunyaatti gadi bu'aa dhufeera. Biyyoonni Afrikaa tokko tokko ammoo baayyee sadarkaa hin taanetti gadi bu'aniiru. Pirezedaantiin Ruwaandaa Paul Kagame akka fakkeenya gaggeessaa mootummaa milkaa'aafi bu'a qabeessa tooftaa dimokiraasii uumuutiin taasifamudha. Tooftaan kun ammoo suutaafi rincicaa ta'uu danda'a. Pirezedaantii Ruwaandaa Paul Kagame Haata'u malee, paartiin biyya bulchu akka aangoorra turu gochuun ammoo dinagdee biyyattii jajjabeessuu caalaa malaammaltummaan akka babal'atu taasisa jedha Obbo Cheeseman. "Kana jechuun biyyoonni Afriikaa biroon yoo moodela Ruwaandaa kana hojiirra oolchuudhaaf yaalan, bu'aa muraasaaf jecha gatii inni baasisu hundatu isaan qunnamuu mala," jedha. Piroofessar Qorannoo Siyaasaa Yunvarsiitii Johaannisbard Steven Friedman akka jedhutti tokkoo tokkoo caasaalee bulchiinsa biyyoota Afrikaa kanneen biyyoota dimokiraasii biyyoota guddatanii (warra Lixaa) waliin waldorgomsiisuu caalaa namoonni dhommoota gara garaa irratti bilisaan dubbachuufi qooda fudhachuu isaanii mirkaneessuu irratti xiyyeeffatamuutu faladha. Oduun gammachiisaan jiru, deggersi dimokiraasiidhaaf ta'u ammallee akkuma guddaa ta'eetti jira. Kan nama yaaddessu garuu Afrikaannoonn bu'aa bilisaan jiraachuufi hawwaasa walabummaa gonfate ta'anii bu'aa isaa dhamdhamaa deemuu, akkasumas filannoowwan amanamoofi itti-gaafatamummaa dhugoomsu keessatti qooda fudhachuu baannaan wabii hin qabu.
oduu-51886018
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51886018
Sudaan Kibbaatti dubartiin yeroo jalqabaaf Ministira Raayyaa Ittisaa ta'un muudaman eenyu?
Sudaan Kibbaatti dubartiin yeroo jalqabaaf Ministira Raayyaa Ittisaa ta'un muudaman.
Mootummaan tokkummaa Sudaan Kibbaa keessatti hundaa'e biyya waldhabdeen miidhamaa turtetti nagaa buusa jedhamee akka amanamu taasiseera. Keessumaa bakkeewwan ijoo dubartiif kennamuun namoonni waa'ee isaa akka dubbatan taasiseera. Yeroo ammaa Anjeliinaa Teeniin yeroo jalqabaaf Ministeera Raayyaa Ittisaa ta'aniiru. Anjeliinaa Teeniin eenyu? Aadde Teenin haadha warraa Riik Maachaar kan hogganaa garee finciltootaa turaniifi amma pirezidantii itti aanaa Sudaan Kibbaa ta'aniiti. Aadde Teenin hojii nageenyaa irratti yeroo hojjetan garuu kuni kan duraa miti. Yeroo abbaa warraan isaanii hidhaa manaa keessa turan, jalqaba Afrikaa Kibbaa ergasii Kaartum, sana waan dalagan qabu turan. Yeroos garee dhaaba SPLM-IO's bakka bu'un koree Nageenyaafi Ittisaa hoggananii hojjetaa turan. Qondaalli kuni dubartii kallattiin dubbataniifi nama siyaasaa dhiibbaa olaanaa geessisuu danda'an jedhamu. Kana dura erga biyyi isaanii Sudaan irraa fottoqanii booda Ministeera Annisaafi Albuudaa ta'un bakkeewwan boba'aa qaban Sudaan waliin yeroo hiratan waliigalteen akka irra gahamu gaggeessaa turan. Booda kanammoo erga waliigalteen nagaa mallattaa'ee as, akkaataa mootummaafi hidhattoonni waliin hojjetan dalagaa jiru. Muudama isaanii booda garuu, Ministeera Raayyaa Ittisaa ta'uuf ga'umsa isaa qabuuyi jedhanii kan gaafatan jiru.
44122476
https://www.bbc.com/afaanoromoo/44122476
Keeniyaatti malaamaltummaan doolaara mil. 80 saaxilame
Qorattoonni Keeniyaa malaamaltummaa yoo xiqqaate doolaara miliyoona 80 ta'u saaxilan.
Daayirektarri abbaa alangaa uummataa namooti yakka kanaaf itti gaafataman qondaaloota mootummaa olaanoo tokko tokko ni dabalata jechuun BBC tti himaniiru. Tajaajilli Dargaggootaa Biyyaalessaa malaamaltummaa kanaan waggoota sadii keessatti yeroo lammaffaaf qabameera. Tajaajilichi dargaggoota leenjisuufi hojii dhabdummaa hir'isuuf ture kan dhaabbate. Haa ta'u malee kan irraa fayyadamaa jiru namootuma duraan aangoo irra jiranidha sodaan jedhu jira. Himanichi qarshii seeraan ala gara biyya alaa erguu, jaarmiyaa sobaaf kaffaltii tajaajila hin dhiyaanneef kaffaluu,nagahee miyyi itti hin gaafatamne galchuu faa dabalata. Akka sakatta'insichi raawwateen ahimata akka jalqaban Daariktarrii Abbaa Alangee Noordiin Hajii BBC tti himaniiru. Waggaa sadii dura dhimmi malaamaltummaa gara biraa barreessaa Kaabinee tokko hojii akka gadi lakkisu taasiseera.Himanni ammaa kuni qarshii yeroosii harka 10 nin caala.
44405617
https://www.bbc.com/afaanoromoo/44405617
Jeeneraal Saamoraa Yunis Jeneraal Sa'aara Mokonninin bakka buufaman
Jeneraal Sa'aara Mokonnin hogganaa Olaanaa Humna Waraanaa Biyyaalessaa Itoophiyaa ta'uun Jeeneraal Saamoraa Yuunis kan bara dheeraaf tajaajilan bakka buufaman.
Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad, Hogganaa Olaanaa Humna Waraanaa Biyyaalessaa kan turan Jeeneraal Saamoraa Yuunis kaasuun, Jeneraal Sa'aara Mokonnin bakka buusaniiru, jechuun Itti gaafatamaan Waajjira Ministira Muummee Obboo Fitsuum Araggaa fuula Twiitara isaaniin ibsaniiru. Xumura maxxansa Twitter, 1 Gama biraatiinis, Ministirri mummee Meejer Janaraal Alam Isheet Dagifee fi Birgaada Janaraal Asaaminawu Tsigee kan kana dura aangoonsaanii jalaa haqamuun humna waraanaa keessaa hari'ataman turan, wareegama isaan biyyaaf kanfalaniif beekumsa kennuun aangoosaanii deebii'eef faayidaawwan soorataa guutuu waliin sorama akka bahaniif murteessu Itti gaafatamaan waajjira Ministira muummee, Obbo Fitsum Aragaa ibsaniiru.
oduu-46550464
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46550464
Ministeera Dhimma Alaa: Lammileen 2,250 Saawud Arabiyaarra gara biyyaa deebiifaman
Itoophiyaan torban kana keessa qofa lammiileeshee biyya Sawud Arabiyaa Jiddaatti rakkoolee garaa garaa keessa turan 2,250 gara biyyattii akka deebiste, Ministera Dhimma Alaa beeksise.Ministirichatti Dubbii Himaan Obbo Mallas Alam akka jedhanitti, kaayyoon waajira isaanii inni guddaan kabajaafi nageenya lammilee biyyatti eegsiisuudha jedhaniiru.
Akka Obbo Alam himanitti Wiixata irraa kaasee hanga Jimaata boruutti guyyaan namoonni 450 gara biyyaatti akka deebii'an taasifamaa jira. Lammileen biyyoota Itoophiyaa waajjira quntsilaa keessaa qabdu keessa jiraatan haala kanaan fayyadmtoota ni ta'u jedheera. Lammiilee hanga ammaatti torbee kan gara biyyaatti deebifaman keessaa 900 warra biyyattii keessatti murtiidhaan hidhaman yoo ta'u, 4 ammoo kan hidhaan waggaa 10 olii irratti murtaa'edha jedhan. Hojii lamiilee gara biyyaatti deebiisu kana raawwachuufis, keessattuu kanneen hidhaarra turan osoo yeroo hidhaasaanii hinxumuriin akka deebii'an gochuuf, motummaan biyyoota kanneenii walii marii taasifameen waliigaltee irra ga'amuun akka ta'e himaniiru. Kana malees lammilee keessattuu dubartoota yeroo dheeraaf Jiddaa hojjatanii kanfaltii argachuu qaban dhorkaman birriin miiliyoona tokkoofi kuma 600 akka kanfalamuuf taasisuu irratti waajjirri quntsilaa hojjachuu isaa himaniiru. Haaluma kannanis baatiiwwan muraasa darban qofa keessatti lammileen 40,000 ta'an paasportiifi sanada imalaa akka argatan taasifamuus dabalanii addeessaniiru. Akkasumas lammilee dahannoo argachuuf jecha lammuummaa biyyoota biraa himataa turanis walta'insas waajjira Immigreshinii waliin taasifameen lammiileen Itoophiyaa gara kuma tokko ta'an fayyadamtoota taasifamu isaanii dubbatu dubbi himaan kun. Sochii Motummaan Itoophiyaa Afrikaanoonni Itoophiyaa akka biyya saaniitti akka ilaalan taasisuun walqabatee sochii vizaa erga ga'annii ( visa on arrival) keennuu eegalameen, baatii Onkololeessatii kaasee hanga ammaatti lammileen biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa 28,000 viizaan kennameefiira jedhaniiru.
oduu-45279968
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45279968
Oromiyaa: Jumiyaan daa'imman Qaaqee badhaasuuf
Miidiyaalee hawaasummaarratti suurri daa'ima akka hoogganaa biyyaatti osoo ibsa kennuu, daa'imman biroo gaazexessitoota oduuf maayikii shoonkoraa itti qabaniifi kanneen eegdoota qawwee mukarraa hojjetaneen marfamuun ka'an namoota baayyeen qoqqoodamaa ture.
Namoonni baayyeen dinqiisiifannaa kalaqaa fi hawwii daa'imman kanneeniif qaban ibsataniiru. Dubbichi kana qofaan hindhaabannee. Ergaan daa'imman kunneen suurichaan dabarsuu yaalan Itoophiyaa bira darbuun biyyoota ollaa kan akka keeniyaa fi kan biroo keessattis dinqisiifannaa argateera. Haaluma kanaanis Keeniyaatti Kaampaaniin omishaalee garaagaraa onlaayiniin gurguruu fi Jumiyaa jedhamuun beekamus, ijoollee kana badhaasuu akka fedhu beeksiseera. Hoogganaan kominikeeshinii damee miidiyaa hawaasumma dhaabbatichaa Beenzitoonii Abdeslaam sagantaa ''back to school'' jedhamu biyyoota baha Afrikaa keessatti eegalaniin, daa'imman carraa barnootaa hin argannee fi dandeettii kalaqaa qaban akka jajjeebeessan himan. ''Gareen miidiyaa hawaasummaa Jumia, suurota daa'imanii originaala ta'eenii fi yaada waa kalaquu calaqqisan barbaadaa oolan tasa suura daa'imman kanaan bahan'' jedhu Beenzitooniin. ''Ijoollee suura sanirra jiran meeshaalee barnootaa fi baasii barnootaa hanga tokko badhaasaan kenninee jajjabeessuu barbaanna'' jedhan. Suurri daa'imman kanaa dandeettii waa kalaquu isaanii waan mul'isuufi haalli itti yaadasaan qindeessan hubannaa haala addunyaan itti jirturratti qaban mul'isas jedhan. ''Yaroo suura sana arginu haala itti eegdonni hoogganaa miidiyaaleef ibsa kennaa jiru eeganiifi miidiyaaleen argaman suun waan dhugaa lafa jiru agarsiisa. kalaqa isaanii kanaaf galateefachuu barbaanna.'' Abjuu dhugoomii danda'u ta'uusaatu nutti toes jedhan. Suura ijoollee kanaa erga fuula feesbuukii dhaabbatichaarratti maxxanfamee booda lammiileen keeniya hedduun qooddatanii dinqisiifachaa jiraachuus nutti himan. ''Ijoollee kana yoo argannee jenne barana ijoollee badhaasa isa jalqabaa kenninuuf ta'u'' jedhaniiru. Ijoolleen sun eessa jiru? Miidiyaalee hawaasummaarratti namoonni hedduun suurri kun eessatti akka ka'eefi ijoollen sun eessa akka jiran gaafachaa turanii boodas Wallaga lixaa magaala qaaqee akka ta'an beekameera. ''Sanbata torbee darbee osoon mana amantaatii bahee gara manaa deemuun ijoollee waan kan shaakalaa jiranitti dhufee suura kaasee'' nuun jedhe jiraataa magaalaa Qaaqee kan ta'e dargaggoo Toleera Qan'aa. Waan ofii hojjetan malee namni jabaan akka san godhan gorsaa ture hin turre anis hin suuruma fudhadheen darbe malee hin gorsinee jedha. Battalan suura sana kaasetti hikni waan hojjechaa jiranii maal akka ta'e hin gaafanne, daa'imni osoo ibsa kennuu mul'atu sun hoogganaa biyyaa ta'uu akka barbaadu garuu natti himeeraa jedhe. Suurri kaase sana guyyoota muraas dura fuula feesbuukiisaarratti maxxansus hangan namoota hedduun qoodamee dinqisifatama jedhee akka hin yaadnes nutti himeera.
oduu-53135997
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53135997
Weerarri marroo lammaffaa maali? Yoom ka’a?
Weerarri koronaavaayirasii ammallee addunyaarraa baduuf yeroonsaa fagootti hafa. Biyyoonni hedduun dhibee Covid-19'n garmalee dabalaa jiru waliin wal’aansootti jiru. Biyyoonni dhibecha to’anneera jedhan ammoo weerara marroo lammaffaatu nutti as deebi’a jechuun yaaddahuu eegalaniiru.
Kanaan dura dhibeewwan hedduun biyya lafaa weeraranii kan turan yoo ta’u, seenaan weerara marroo lammaffaan akkaan cimaa akka ture dubbatu ogeeyyiin. Namootni Covid-19'n qabamanii gara Chaayinaa seenan yaaddoo ta'an Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti Dhibeen sirna hargansuu miidhu ‘Spanish Flu’ jedhamu addunyaaf qormaata guddaa ture, weerarri kun marroo lammaffaa deebi’ee wayita ka’u isa duraa caalaa addunyaa miidhe. Dhibeewwan kanaan dura akka weeraraatti addunyaarra weerarani turan hedduunsaanii dagachiisanii marroo lammataaf addunyaatti deebi’anii baayyee miidhan. Kanaafuu, weerarri koronaavaayirasiis marroo lammaffaan addunyaatti deebi’uu danda’aa? Hagam balaafamaadha? Dambalii(wave) weerara dhibee jechuun maali? Dhibeen tokko bakka tokkorraa ka’ee bifa weeraraan wayita addunyaa walga’u, wayita baayyee dabalaa deemu dambalii weeraraa jedhama. Yeroo baayyee dhibeen addunyaa weeraru tokko erga balaa guddaa uumee booda to’annoo jala oolee marroo lammaffaaf deebi’ee ka’a. Fakkeenyaaf biyyoonni akka Niwu Zilaand akkasumas Chaayinaan(kan iddoo ka’umsa koronaavaayirasiiti jedhamtu) guyyoota hedduuf nama haaraa qabame gabaasaa hin turre. Niwu Zilaand guyyoota 24’f vaayirasicharraa bilisa akka taate himti. Chaayinaan ammoo guyyoota shantama booda namoonni haaraan qabamuu ibsite. Garuu biyyoota kanneen lamaan qofaaf weerarri marroo lammataa ka’e jechuu hin dandeenyu. Weerara marroo lammataa maaltu kaasisuu danda’a? Kolleejjii Fayyaa magaalaa Landan keessatti argamutti barsiisaa kan ta’an Dr Adam Kucharski uggurri sochii hawaasaa hatattamaan kaafamaa jiraachuun weerarri koronaavaayirasii deebi’ee akka addunyaa hubu karaa saaqa jedhan. Namoota waa bitatan Uggurri sochii uummataa fi imalaa diinagdee, barnootaa fi jiruu fi jireenya hawaasummaarratti miidhaa guddaa qabaata kan jedhan Dr Adam Kucharski garuu yoo uggurri ka’es of eeggannoowwan biroo cimsuu qabna jedhan. Uummanni walitti heddummaachuun iyyamamee, yoo of eeggannoon hin cimne, weerara hamaatu lammata mudata jedhan. Akka Dr. Adam Kucharski jedhanitti, sababa weerara kanaatiin tarkaanfiiwwan fudhataman irraa kan ka’e haalli jiruu fi jireenya hawaasaa geeddarameera, uummanni harka walfuuchuu dhiiseera, walirraa hiiqanii deemuun, walitti heddummaachuu dhabuun baratameera, kun yoo duubatti deebi’uu baate weerarri marroo lammataa baay’ee hin sodaatamu jedhan. Doktorri Chaayinaa Covid-19 yaaluun beekamu du’uun lammiilee gaddisiise Qorichi koronaavaayirasii lubbuu baraaruu danda'u argame Landan, Yuunivarsitii Oof Warkwick keessa kan hojjetan Dr Mike Tildesley biyyoonni tarkaanfii laaffisaa deemu taanaan ji’oota as deemaa jiran Hagayyaa fi Fulbaana keessa facaatiin vaayirasichaa dabaluu danda’a jedhan. Waqtiin roobaa tatamsa’ina vaayirasichaaf haala mijataa waan uumuuf yeroo sana of eeggannoo hin cimsinu taanaan weerarri kan ammaarra hammaataan ka’uu danda’a jedhan. Dhiibbaa weerara koronaavaayirasiin sirni fayyaa biyyoota miidhamuu kan dubbatan doktaroonni fayyaa kunneen ji’oota gannaa keessa weerarri kun hammaachuunsaa waan hin oolle jedhan.
56400378
https://www.bbc.com/afaanoromoo/56400378
Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoon biyyaalessaa jahaffaan naannoo Oromiyaatti maal fakkachuuf deema?
Dhaabbileen siyaasaa naannoo Oromiyaa keessatti morkattoota ciccimoo ta'u jedhamanii eeggamaa turan lama, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Koongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n "filannicha keessaa dhiibamneerra," jechuun filannicharratti akka hin hirmaanne labsuun saanii ni yaadatama.
Haata'u malee, filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaa gaggeeffamuuf yeroo ji'a sadi hin guunnetu hafe. Hidhamuu angawootaafi miseensotaa akkasumas cufamuun waajjiraalee immoo sababoota ijoo paartileen kunneen dhiyeesanidha. Filannoo keessaa bahuun paartilee lamaanii filannicharra darbee fulduree biyyattiirratti dhiibbaa qabaachuu akka danda'u xinxaltootni siyaasaa himu. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa gama isaatin, paartileen lamaan hirmaachuu dhabuusaaniitin rakkoon mudachuu danda'u ni jiraata jedhee wanti itti qophaa'ee akka hin jirre himeera. "Waldhabdee eegamaa ture…" Yunivarsiitii Ambootti barsiisaa mummee barnootaa Saayinsii Siyaasaa kan ta'an Salamoon Tafarraa, sababni ijoon filannoo keessaa bahuu dhaabilee siyaasaa, ABO fi KFO, waldhabdee dhaabbilee lamaan fi dhaaba siyaasaa biyyattii bulchaa jiru gidduutti uummame ta'uu himu. Filannoo keessaa bahuun paartilee siyaasaa lamaanis waan tasa ta'e osoo hin taanee waan eegamaa ture ta'uu dubbatu. Filannicharratti hirmaachuu dhabuun paartilee lamaanis lakkoofsa namoota sagalee kennanii akka hir'isu himu. Iddoo paartileen deeggarsa bal'aa qaban filannoorratti hin hirmaannetti filannoon adeemsifamufi bu'aan argamus bakka bu'ummaa uummataa qabaachuu akka hin dandeenye himu. Kanaaf rakkoon sababa kanaan mudachuu danda'u Oromiyaa fi biyyattii bira darbee tasgabbii Gaanfa Afriikaa irratti dhiibbaa qabaachuu akka malu kan dubbatan barsiisaa Salamoon Tafarraa, "Waldhabdeen kun irra caalaatti filannoon booda kan itti fufufi nageenyafi tokkummaa biyyattif yaaddessaa kan ta'udha. Kanaaf, kuni xiyyeeffannoon ilaallamuu qaba," jedhu. Sochii filannoo ija jiraattotaan… Qophii filannoofi sochii paartilee siyaasaa ilaalchisee BBCn jiraattota godinaalee Oromiyaa garaagaraa haasofsiisee jira. Jiraataa godina Shawaa Kaabaa kan ta'an Obbo Haabtaamuu Yaadatee akka naannoo isaaniitti yeroo ammaatti paartii biyyattii bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaan alatti sochiin paartilee mormituu akka hin jirre himu. Filannoo jechuun dorgommii namoota lamaa ol gidduutti adeemsifamu ta'uu kan himan jiraataan kun yeroo ammaatti garuu haalli filannoon adeemaa jiraachuusaa agarsiisu akka hin jirre dubbatan. Gama biraatin, jiraataan godina Booranaa haasofsiisne Obbo Galgaloo Waaqoo, paartileen kunneen rakkoolee isaan mudatan mootummaa walin ta'uun furuun filannicharratti hirmaachuu akka qaban himu. Filannoon "dhaabbilee deeggarsa uummataa qaban" ABO fi KFO itti hin hirmaanne fudhatama uummataa qabaachusaanii akka shakku kan hime immoo jiraataa godina Wallagga Bahaa kan ta'e dargaggoo Naatinaa'el Phaawulosdha. Filannichi hirmaachisaa akka hin taane kan himu dargaggoon kun, faayidaarra dhiibbaan filannichaa guddaa ta'uu akka malu yaadoo qabu hima. "Namoota biyya kana keessatti jijjiirama fiduu danda'u jedhee uummatni itti amanu mana hidhaa keessatti dararaa akkamitti uummata kanaan 'bahiiti filadhu' jetta? Eenyu filata? Eenyu kan dhiyaate? Mootummaan kophaasaa dhiyaachaa jira malee uummata naannoo keenyaa kan bakka bu'u paartiin filannoo kanarraa hirmaannaa qabu eenyudha?" jechuun gaafata. Kana malees, keessattuu godinaalee Wallagga afran, Ilu Abbaa Booraa fi Gujii keessatti yaaddoon nageenyaa jiraachuu kan himu dargaggoo Naatinaa'el, "Ani amma fakkeenyaaf dhaqee hiriirrarra dhaabbadhee waraqaa fudhadhee filachuudhaaf fedha hin qabu. Sababnisaas nageenya kootif nan sodaadha," jechuunis hima. Paartilee jajjaboo naannoo Oromiyaa keessatti dorgomuutti jiran… Paartilee siyaasaa 47 Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kaadhimamtoota isaanii galmeessisaniiru jechuun beeksise keessaa maqaa Oromoo jedhu kan of keessaa qabu paartii Sosochii Bilisummaa Oromoo jedhamudha. Dhaabni kun kaadhimamtoota afur /4/ galmeessisee akka jirus ragaan boordii filannoo agarsiisa. Gama biraatin paartin biyya bulchaa jiru Paartiin Badhaadhinaa aanaalee filannoo naannoo Oromiyaa keessa jiran hunda keessatti akka dorgomu eeggama. Paartiin IZEMAs naannoo Oromiyaa keessatti naannolee/aanaalee filannoo 70 irratti kaadhimamtootasaa kan galmeessise yemmuu ta'u, sababa rakkoo isa mudaten paartichi aanalee filannoo 25 keessatti kaadhimamtootasaa akka hin galmeessisne dubbi himaan paartichaa Obbo Naatnaa'el Fallaqa BBCti himaniiru. Dhimmicharrattis Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa walin mari'achaa jiraachuus himan. Kana malees, Sosochiin Biyyaalessaa Amaaraa ABN fi Innaat Paarti kunneen naannoo Oromiyaa keessatti dorgomuuf kaadhimamtootasaanii galmeessisan keessaati. Filannoo keessaa bahuu ABO fi KFO ija boordii filannoofi paartii biyya bulchaa jiruun… Dhimma filannoo keessaa bahuu ABO fi KFO ilaalchisee guyyoota muraasa dura BBC walin turtii kan taasisan hogganaan quunnamtii uummataafi hariiroo idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa, "Paartileen kunneen yoo haalli rakkisaan jiraatellee dandamatanii cichanii qabsaa'uu qabu malee haaluma salphaatti keessaa baane jedhanii murteessuun sirrii miti," jechuun dubbatan. Kana malees, dhiibbaa paartileen lamaan gama mootummaatin nurra gaheera jedhanii himatan, kan akka hidhamuu miseensotaafi cufamuu waajjiraalee "bu'uura kan hin qabnedha" jedhan Dr Biqilaan. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa gama isaatin ibsa gama walitti qabduu boordichaan tibbana kenneen hidhaa miseensotaa ilaalchisee kunneen ajaja mana murtii malee hidhaman akka hiikkamanif hojjechaa turuu isaaniifi gama kanaanis muraasni furmaata argachuu isaanii hime. Cufamuu waajjiraalen walqabatees iddoowwan waajjiraalen itti cufaman paartileen lamaan odeeffannoo akka laatan gaafatee, ABO fi KFOn deebii osoo hin laatin hafuu isaanis walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa miidiyaaletti himaniiru. ABO fi KFOn eenyu? Koongirasiin Federaalawaa Oromoo A.L.I bara 2004 paartileen lama walitti makamuun hundeeffame. Paartileen kun Waraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo WFDO fi Koongirasii Uummata Oromoo KUO yemmuu ta'an, paartileen lamaan namoota siyaasa gameeyyii of keessaa kan qaban turan. KFOn yeroo ammaa dura taa'ummaa Proofeessar Mararaa Guddinaatin hoogganamaa kan jiru yemmuu ta'u, Obbo Baqqalaa Garbaa immoo dura taa'aa itti-aanaa dhaabichaati. Obbo Jawaar Mahaammadfi Obbo Hamzaa Adaanaa /Booranaa/ kunneen dhiyeenya paartichatti makamanfi yeroo ammaa hidhaarra jiranidha. Gama biraatin, Addi Bilisummaa Oromoo Oromiyaa bilisoomteefi of dandeesse akka biyya rippaablikaa tokkotti hundeessuu irratti qiyyaafatee ture bara 1976 hundeeffamnisaa ifatti kan labsame. Dhaabni kun humna waraanaa mataasaa ijaarratee mootummaa dargiin lolaa erga turee booda bara 1992 mootummaa ce'umsaa Itoophiyaa keessa seene. Haata'u malee, boodarra dhiibbaadhaan mootummaa ce'umsa keessaa akka ba'e dhaabichi himata. Dhaabichi biyya keessaas haalli wayita itti cimu gara biyyoota ollaa kanneen akka Somaaliyaa fi Eertiraa, akkasumas Sudaanitti kooluu galuuf dirqamuusaa angawootni dhaabichaa kan turan himu. Miseensota gameeyyii fi dureewwan dhaabichaa gidduutti imaammata qabatanii ka'an fooyyessuu ilaalchisee waldhibdeen waan uumameef biyyoota alaattis walqoqqoodiinsi isa mudateera. Haala kanaan Hayyu Duree dhaabichaa kan turan Obbo Galaasaa Dilboo ABO Qaama Ce'umsaa jechuun moggaasanii garee isaanii hoogganuu eegalan. Miseensa gameessa kan ta'aniifi Obbo Galaasaa waliin kan turan Obbo Leencoo Lataa ammoo boodarra Paartii ADO jedhamu hundeessuun hoogganaa turan. Obbo Daawud Ibsaa ammoo ABO qabatanii gara Eertiraatti baqatan. ABOn erga bara 1992 biyyaa ba'ee waggoota soddomatti siqu booda bara 2018 qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf biyyatti deebi'e. Jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufeen gara biyyaa kan deebi'e ABOn Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu erga biyyatti deebi'ee ammas dubbiin yeroo chaartaraa nutti deebi'eera jechuun komataa tureera.
43083518
https://www.bbc.com/afaanoromoo/43083518
Ibidda mana sirreessaa Shaashamanneetti ka'een lubbuun nama tokko darbe
Balaa ibiddaa har'a ganama mana sirreeessaa magaalaa Shaashamannee mudateen lubbuun nama tokko darbuu, sadii madaa'uufi bilookii mana sirreessaa sadii gubachuu, hogganaan mana sirreessichaa BBC'tti himan.
Hogganaan mana sirreesichaa Inspeektara olaanaa Fayyisaa Tiksee akka jedhanitti, erga ibiddi ka'een booda hidhamaan miliquuf yaalee tokko rasaasaan rukutamee du'eera. Akkasums, ibiddi ganama sa'aatii 1:30 irratti sirreefamtootaan eleektirikaarraa akka uumame shakkame kunis namoon biraa sadi madaa'usaanii inispektara olaanaa Fayyisaan himaniiru. Mana sirreessaa kana keessatti walumagalatti sireeefamtoonni gara kuma lamaa ta'an kan argaman yoo ta'u, mana bulmaataa bilookiiwwan shan keessaa sadi balaa kanaan barbadaa'eeras jedhaniiru. Hirmaannaa jiraattoota naannootiin ibdichi toatamuun, 'amma bakka bultii sirreefamtootaa mijeessaa jirra' jedhaniiru. Jiraattota magaalatti keessa tokko akka nutti himanitti ammoo, amma naannoo mana sirreessichaa raayyaan ittisa biyyaafi poolisiin Oromiyaa eegaa jiru. Akkasumas daandiin guddaan Shaashamannee gara Hawaasaa geessu cufamee ture amma banamuun, magaalattiinis tasgabbii keessa jiraachu BBC'tti himaniiru.
oduu-41014234
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41014234
Lafee cabe wal'aanuuf Baayoogilaasiin mala ajaa'ibsiisaa ta'usaatu barame
Baayoogilaasiin (burcuqqoon qaama namaan walta'u) lafee bakka bu'u danda'a jedhanii yaaduun gowwummaa fakkaata. Haa ta'u male argannoon biyya Ingilaand tokko, Baayoogilaas gosi burcuqqoo jedhame kun lafee caalaa jabaa ta'u bira darbee dabuu kan danda'uu fi kulkula yookin infeekshinii offirra faccisuu kan danda'u ta'uu isaa ibseera.
Bara 2002, kooleejii London Kingis jedhamu kessatti ogummaa fuula deebisanii wal'aanuu kan qabu Ayaan Toomson nama jedhamuuf bilbilli bilbilama. Bilbilli kunis kan bilbilameef waa'ee dardara balaan konkolaataa hamaa fuula isaa irra gahe ilaalchisee ture. Akkaataan konkolaatichi itti dargaggeessa kan dhahes ijji isaa akka sirritti hin argine gochuurra darbee, halluu akka adda hin baafannes kan isa taasise ture. Erga balaan kun nama kana irra gahees, doktooronni waggaa sadii guutuuf meeshaalee lafee bakka bu'anii fi lafee cinaachaa nama sana irra fuudhanii galchuun fuula dargaggessa kanaa deebisanii wal'aanuuf ijasaas iddootti deebisuuf yaalii gurgudda godhaa turan. Haa ta'u malee yaaliin kun lamaan milkaa'uu dhabuu caalaa, waraansa yookin laalaa jabaa dargaggeessa kanatti fide. Doktoronnis ni ijjibaatani. Namni hojiinsaa xiyyaara suphuu ta'e kunis abdiin hojjiitti deebi'uu isaa duguugamaa dhufe. Debiin Toomson, wal'aansa baayoogilaasii akka aduunyaatti isa jalqabaa ta'e, kan lafee gilaasiin bakka buusu hojjechuu ture. Innis baayoogilaasii fayyadamuudhaan gabatee ija irra ta'uu fi geenggo ijaa naanna'aa caccabee ture kan ittiin wal'aanamu jechuudha. Kalaqa baayoogilaasii Gosa gilaasii (burcuqqoo) baayoogilaasii hin ta'iin kan kanaan dura ture jajjabaa fi quqquuqaa waan ta'eef qaama namaa waliin wal hin simatu ture. Kanaafu baayoogilaasiin maal of keessaa qabaachuu qaba? 'Yeroo baayoogilaasiin qaama keessa galu, keessatti baquudhaan aayoonii(ion) seelonni hojii isaanii akka hojjetan ergaa dabarsu gadi lakkisa. Kunis qaamni namaa baayoogilaasicha akka meeshaa biraatti osoo hin fudhatiin akka waliigalan gochuun miirri gaariin akka namichatti dhagaa'amuu fi lafeen haaraa lalisuu akka danda'u kakaasa.' Jedha Kooleejii Impeeriyaal Loondoonitti, oggeessi baayoogilaasii Juliyaan Joonees. Toomsoniif hojiin isaa dafee firii argamsiise. Akkuma yaaliin godhameen, battalumatti dhukkubsataan sun ijji isaa halluu adda baafachuu dabalatee yeroma sana argu jalqabe. Wagga 15 booda fayyansaa gutummaa guututti deebi'eef. Toomsonis baayoogilaasii kana fayyadamuu milkiidhaan itti fufee namoota Dokdokkee fi konkoolaatan balaan irra gahe 100 ol ta'an yeroo gabaabaa keessatti yaaluun fayyisuu danda'e. 'Baayoogilaasiin kun lafee ofii irra kan wayyuudha' jechuun Toomson dubbateerra.' Akka adda baafannetti baayoogilaasiin suuta baqee aayonii Soodiyeemii naannoo keessa kaa'ame sana kessatti gad-lakkisuun baakteeriyaa ajjeessuu wajjiin, kulkula faccisuus ni danda'a jedhameera. Jijjiiramni addaa dhufuusaa Baayoogilasiin bara 1969 keessa saayintiistii Ameerikaa Laarii Heench jedhamuun jalqaba kalaqame. Heench baayoogilaasii kana kalaquuf kan isa kakaase sababni inni guddaan waraana Vetinaam irratti lafeen isaanii warra hir'ateef waan qaamaa namaa waliin rakko malee wal fudhachuu danda'uun guutuuf jecha ture. Waggoota kudhan darban keessa, doktoroonni ogummaa baqaqsanii yaaluu qaban baayoogilaasii bifa daakuutiin lafee wal'aanuuf itti fayyadamaa turan. Baayoogilaasii saamunaa ilkaaniitti makuun faayidaarra oolfameera Bara 2010 jalqabee garuu baayoogilaasiin bifa kireemiin bal'inaan oomishamuun tajaajila wal fakkaataa ilkaan namaaf akka kennuuf saamunaa ilkaanii Seensoodaayin jedhamuu keessatti dabalamuudhaan gaba irra ooluu jalqabe. Kana fayyadamuudhaan yeroo ilkaan keenya ittiin dhiqannu, qabiyyee kaalsiyeem foosfeet jedhamu gad-dhiisa. Kunis ilkaan keessa galuun kan caccabuu jalqabe dhawataan akka marguuf kakaasuudhaan deebi'ee akka fayyu godha. Haa ta'u malee yeroo ammaatti immoo kalaqni baayoogilaasii kun gara sadarkaa olaanaatti guddachuudhaan seenaa yaala lafee fi buusaa qaama namaa ilaalchisee jijjiramni mul'atee hin beekne akka dhufu taasiseera. Kalaqamuu Baayoogilaasii diriiru Baayoogilaasiin diriiru (kan suntuuruu fi diriiruu danda'u) kan muummee oomisha meeshaalee Kooleejii Impeeriyaal keessatti namicha Joones jedhamuun hojjetame kun, isa duraatiin kan wal fakkaataa ta'e garuu akka hin caccabnetti hojjetameedha. Baayoogilaasiin fooyya'aan kun gafa lafee miilaa cabe keessa galfamu, miila sana utubuu dabalatee ulfina qaamaa dhukkubsataa sana sirriitti baachuun, namni sun dhaabata yookin hirkoo malee adeemu akka danda'u taasisa. Kana jechuunis lafeewwan caban kana walitti qabsiisuuf sibiila ykn mala dabalataa utuu hin barbaadiin jechuudha. Baayoogilaasiin diriiraan kun wayita achi keessa galee kaasee lafee karaa qajelchuu fi akka dagaaguu kaka'umsa kessatti uumuudhaan lafeen addaan cabee turee dhaawataan wal simatee bakka duriitti akka deebi'u amala taasisu qaba. Fakkeenyaaf yoo lafeen guddaan deebi'ee akka margu barbaadame, miilla nama sanaa irratti wanti ulfaataan irra kaa'amuu qaba. Kunis wanti keessa galfamee sun ulfina sanaan dhiibamee gara seelii lafee gahuun akka kakaasu taasisa. Kunis darbee jijjiirama keemikaalaa baayoogilaasii keessatti uumuudhaan gara waan lallaafu, walitti dacha'uu fi diriiru garuu hin cabnetti akka jijjiiramu taasisa. Baayoogilaasiin akkanaa kun yaalii lafeetiif jecha itti yaadame kan hojjetame yeroo ta'u keessattuu lafee fi buusaa qaama ribuu walitti qabsiisuun kan suphuudha. Joones itti dabaluudhaan akkaataa itti baayoogilaasii haala ammayyaan, piriintara 3D'n bixxilame bakka barbaachisu keessa galchuun ribuuwwaan lama walitti qabuun danda'amu uumuu irratti yaalii godhaa ture. Kanas dhugoomsuuf jilba namoota qaama isaanii akka qorannoof fayyadu wareeganii du'anii fudhachuun akkaataa inni wal simatee hojjetu irratti falaasamaa ture. 'Jilbi qorannoon irratti geggeefamu kunis sochii barbaachisaa jilbii tokko gochuu qabu kan akka tarkaanfachuu fi dadacha'uu danda'uun isaa erga xiinxalamee booda' jedha Joones. 'Dursa beeylada irratti ega yaalamee booda gara kilinikaatti geessuun nama irratti yalamee hojii irra oola' jechuun dubbateera. Kalaqni baayoogilaasii tajaajila wal fakkaataafis ooluu danda'uu isaa Baayoogilaasiin kun yeroo dheeraaf laalaa fi rakkina harkee dugdaa yookin diiskii namoota gidirfamanis gargaaru ni danda'a jedhaniiru. Yeroo ammaatti ogeessonni, namootni harkeen dugdaasaani hin hojjenne kan isaan ittiin yaalan, lafee gajjalaa fi gararraa harkee jiran walitti hodhuun ture. Kun immoo yeroodhaaf laalaa (dhuukkuba) nama sanatti dhagaahamu hambisa malee sosocha'anii deemuu irratti garuu rakkoo guddaa akka uumu ni beekama. Baayoogilaasiin haala jedhameen bixxilamee hojjetamu garuu harkee dugdaa hojii ala ta'e sana bakka buusudhaan rakkina kana hambisuu danda'eera. 'Hanga ammaatti namni ribuudhaa fi waanta sochiif gargaaru hojjetee itti milkaa'u danda'e yoo hin jirreyyuu, kalaqa baayoogilaasii kanaan milkoofneerra' jechuun Joones dubbateera. 'Amma waanti nurraa eegamu sirriitti kana hojjechuu danda'u keenya mirkaneessudha kan jedhe Joones, yoo waanti hundumtuu karaa nuu qabatee kalaqni kunis qormaata barbaachisaa keessa darbeef waggoota 10 dhufan keessatti mana yaalaatti hojii irra oola' jedheera. Hojii harka namaatiin qaama namaa akkas godhanii walitti fayyisuun, bakka buusuun yeroo dheeraaf waan amanamuu hin dandeenye ta'ee haa turu malee, yeroodhaa yerootti guddachuudhaan gara fuulduraatti faayidaarra akka ooluu danda'u amanamaa dhufeera. Amma iyyuu namoonni miliyoona hedduutti lakkawaman ilkaansaanii samuunaa qabiyyee kana ofkeessaa qabuun fayyadamaa akka jiran ifaadha.
oduu-43054777
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43054777
Qorattuu qonnaan bulaan firoomte
Dr Sagannatti Qalamuu jedhamti. Dhalattee kan guddattee Gojjaam maagaalaa xiqqoo Finoota Salaamitti jedhamtuutti.
Magaalaa sana keessatti ibsaan, bishaan ijummoofi manni barnootaa sadarkaa lammaffaan akka hinturree dubbatti. Kanaafu barnoota sadarkaa lammaaffaa hordoofuuf gara Dabra Maarqoos magaalaa ibsaa qabdutti galte. Yeroo shamarree waggaa 13 turte ni dubbatti. Maatiin koo na waliin gara magaalaa Dabra Maarqoos deemu baatanilleen amantaa olaanaa narratti qabu turan kan jettu Dr Sagannati, ''eessayyuu yoo deeme ofiif eegannoo taasisee akkan jiraadhu ni beeku,'' jechuun ture amantaa maatiishe isheerratti qaban kan himte Dr. Saganat. Dr. Sagannat qoraan cabsuun, midhaan harkaan daakaa, farsoof biqila biqilchaan maatiishee gargaaraa baratte. "Yeroo sanatti nama barachuu barbaadutti rakkoo cimaa kan ta'u dabtara, qalamaafi qubeessa guuttachuu ture. Manni barumsichaas meeshaaleen barbaachisaniifi kitaabaan hin guutamne ture," jetti Dr. Sagannat. Muuxannoon kunis hanga har'aatti qalamaa biiroosheetti akka walitti qabdu akka ishee taasisee dubbatti Dhalakee dhalakootiif Ijoollumaakootti rakkistuun ture kan jettu Dr. Sagannat, muka koruu, harree yaabachuufi hojiiwwan dubartiin hin hojjettu jedhaman hojjechuu yaalushee himti. Dr. Sagannat yeroo ijoollumaa obbolaan durbaashee naqachiisuuf/kaadhimannaaf jaarsi akka ergamaa ture yaadatti. Amala isheetiin kan ka'e ishee kaadhimmachuuf kan dhufe garuu hin turre. Kanarraan kan ka'e barumsashee itti fufuu dandeesseetti. Amalli ishee akka hin eerumne ishee taasisee hubannaanis caalaatti itti cimsite. Maatiin Dr. Sagannat barreessuufi dubbisuu kan hin dandeenye ta'anillee barumsatti ni amanu ture. Kanaaf, ijoollee isaanii hunda barsiisaniiru. "Walumaagalatti obbolaan dhiiraafi durbaa toorban qaba turre. Hundi keenya barumsa demneerra." Obboolaan durbaashee dursanii eerumanillee barataniiru. Dr. Sagannat qabxiin ittiin Yunvarsitii galtu yeroo dhufeef ollaan farsoo, araqeefi nyaata fidanii dhufuun 'baga gammadan' jechuun guyyaa guutuu akka waliin gammadan hin irraanfattu. Mandara baadiyyaa xiqqoo keessaa baatee yoo gara Finfinnee dhuftu bitaa itti galee akka ture dubbatti. "Nuti mana fincaanii kan baranne dirreerratti bahuudha. Erga yunivarsitii galee isa mana keessaa atamimmiin bishaan akka itti dhangala'u hin beektu. Qaama dhiqachuun mana keessatti. Finoota Salaamitti laga bishaanii buunee qaama keenya dhiqanna ture. Garaa garummaa guddaadha," jetti waan ture yeroo ibsitu. Fayyadamni TV fi bilbilaa jireenya magaalaa waliin yeroo sanatti kan baratte ture. Dr. Sagannat digiriishee jalqabaa erga biyyatti xumurtee booda digiriishe lammataaf gara Ameerikaa deemte. Osoo barnoota digiriishee lammaffaa hin xumuriin dura carraa barnoota digirii sadaffaa argatte. Yeroo sana fixxetti garuu carraan hojiin bakka hedduutii banameef. Yunbvarsiitota hunda keessaa Yunvarsiitii Koorneel filattee galte. Abbaan ishee akka doktora fayyaa taatu akka barbaadan kan jettu Dr. Sagannat, Haromaayaa seenee qonnaa barachuuf jedhee yeroo ani itti himu ammas amallii kee diida-galeessi si hin dhiifne jechuun ' qote-bulaa ta'uudhaaf digirii barbaachisaa?' naan jedhe jechuun yaadatti. Boodarra garuu waa'ee hojiisaheefi milkaa'inshee argaa yeroo dhufanitti akka isaan boonsitu hubatan. Qormaata Qormaanni qaama jireenya keenyaa keessa tokko akka ta'e kan amantu Dr. Sagannat, attamitti akka qormaata keessaa ittiin ba'an yaaduu malee abdii kutuu yaaddee akka hin beekne dubbatti. Dhaabbata jaarmiyaa addunyaa ta'e tokkoof Ameerikaa Kaabaatti qorattu ol-aanaa ta'uun qorattoota addunyaarra jiran waliin dorgomtee hojicha argatte. Kolombiyaa keessatti saayinstistiin gurraattiin ishee qofa waan tureef namoonni daawwanaaf dhufan yeroo ishee argan hojii qulqulleessuu ykn hojii gadi-aanaarratti kan bobbaate waan itti fakkaatuuf, "Dr. Qalamuu jedhu; anis seenaa yeroon jedhu ishee nuuf yaami jedhu." Waan Kolombiyaatti ta'e kan yaadattu keessaa yeroo qacaramtee deemtudah. Yeroo hojii jalqabdu namoonni hojii laaboraatoorii keessaa hojjetan 17 hundi adoota turan. Qarshii uddaan ramadamee meeshaan barbaachisu hundi guutameeti kan itti gaafatamummaan sun itti kenname. Dubartii, gurraattiifi qalloo ta'uun ishee itti gaafatamummaa itti kenname waliin hojjetttuun isheef hin liqimfamne tokko rakkisuu jalqabde. Kana biratti Afaan Ispeen beekuu dhabuun qormaata sana baayyee cimaa taasise. Yeroon yaalii ammoo kan isheef kennamee ture ji'a ja'aaf. Ji'a ja'a keessatti waanti bifa qbaachuu qabu bifa qabsiifamee bu'aan eegama. Gaaf tokko hojjetoota ishee jala turan walitti qabdee karaa barreessituu isheetiin afaan hiiksisaaf mariisisaafi qajeelfama hojii kennaa osoo jirtuu ogeessi rakkisaa ta'e tokko ishee mudate. 'Yoo hojjechuu baannee maal goota?' jechuudhaan seera biyyattiifi waa'aa itti gafatamaa isaa duraan turee heeruun diddaa agarsiise. Kun ga'eera osoo hin jedhiin jetti Dr. Sagannat 'eessaa akka dhufte ni beekna' jechuudhaan beela Itoophiyaa kaase. Yeroo kanatti jetti Dr. Sagannat, anarra darbee amoota miliyoona 80 waan arrabseef hojiirraa ari'amuusaan itti hime." "Achumaan dhaabbatichi maallaqa guddaa kaffalee gaggeesse. Gaggeeffamuun isaa guutummaa dhaabbata sanaatti dhaga'ame," jetti. Waan akkasiitti akka hinaarree kan dubbatu Dr. Saggannat caalaatti kan na gargaare akka eenyumaakootti boonu barachaa guddachuukooti jetti. "Mana barumsaatti manattis miidhagootadha, namni kamiyyu nu mo'uu hin danda'u, gita bittaan hin bitamne, namoota Minilik jedhamaa barachuun keenya eenyummaakootti akkan boonuufi waantoota xixiqqoof akkan hinraafamne na gargaareera" Waa'een beela Itoophiyaa kun bakka hojii qofaatti osoo hin taane karaarrattillee ishee mudateera. Yeroo sana garuu, "Itoophiyaan biyya beeloftuu osoo hin taane, biyya buna addunyaadhaaf gumachitedhan jedhan ture. Warri Kolombiyaa buna isaaniitiin waan boonaniif ni callisu." Biyya kamiyyu yoo taate maatiifi hojii madaalanii ilaaluun cimaadha kan jettu Dr. Sagannat "Anaaf garuu waanti gaariin abbaa manaa gaariin qaba. Innis saayintistiidha. Hojii manaa waliin taanee hojjenna. Caalmaattiyyu isati hojjeta ture, " jechuudhaan ga'ee abbaan manaashee milkaa'ina jireenyashee keessatti qabu dubbatti. Qu'annoofi qorannoo Yeroo ammaa kanatti ilbisoota( Insect physiology and ecology) irratti qo'annoo gaggeessaa kan jirtu Dr. Sagannat, addunyaarra ilbisoota miliyoona tokko ol akka jiran dubbatti. Ilbisoonni hedduunis hojjetoota kan jettu Dr. Sagannat, ilbisoota kanneen fayyadamuun jireenya namoota hedduu foyyeessuuf akka hojjechaa jirtu dubbatti. Raammoo haarrii Itoophiyaatti beeksisuuf akka hojjettu kan dubbattu Dr. Sagannat, gama nyaataatiinis ilbisoonni filannoo akka ta'an ni yaaddi. Afirikaa, Eeshiyaa, Ameerikaa Kibbaa keessatti namoonni miliyoona lama ta'an ilbisoota akka sooratan kan dubbattu Dr. Sagannat, biyyoonni guddatan akka Jaarman garuu uummata isaanii beeksisuuf hojjechaa jiru. Waajira amma keessa hojjechaa jirtuttis hojiiwwan hojjettu keessaa inni tokko isa kana beeksisuufi qabiyyee isaa xiinxaluudha. "Ilbisoonni miidhaniifi fayyadan ni jiru. lamaan isaanii walmadaalchisuun jirachuu ni dandeenya," jetti. Qorannoosheetti kan biraa kan irratti fuulleeffatte nyaata horiirratti. Yeroo Ameerikaa Kibbaa turte kan hojjechaa turte dhimma kanarratti ture. Hojiin qorannooshe kun qonnaan bultoota Itoophiyaa hedduu akka fayyades ni dubbati. "Jireenyi qonnaan bultoota hedduu foyyaa'eera. Annan horii isaanii irraa argatan dabaleera. Anis kana arguukootti gammadeera," jetti. Nyaata horii kana mootummaa Itoophiyaa waliin ta'uudhaan waggaatti qonnaan bultoota kuma 20 geessisuudhaaf karoora qabdi. Jireenyakoo hafe keessatti qonnaan bulaa gargaaruun barbaada kan jettu Dr. Sagannat, waajirasheetti qorattoota Afirikaafi Afirikaa iarraa digirii lammaffaafi sadaffaa isaaniitiif dhufaniif gargaarsa gochuus ni barbaaddi. Waan ishee gammachiisu Dr. Sagannat kan ishee gammachiisu maatiishee waliin dabarsuudha. "Abbaan manaakoo amma hojjetaa hin jiru; dhukkubsataadha. Waanti na gammachiisu isa kunuunsuufi dhalakoo milkaa'inaaf geessisuudha," jetti. Waan biraan ishee gammachiisu namoota ciccimoo carraa dhabaniif carraa kennuufiin akka ga'umsa qabaatan gochuudha. Dhumarrattis qaama gara garaa irraa maallaqa walitti qabuudhaan naannoo itti dhalattetti giddu-gala leenjii banuudhaan ce'umsi tekinooloojii akka jiraatu gochuudha.
oduu-54474036
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54474036
Dubartoota:Kitaabni haaraa Ma'aazaa Mangistee badhaasa 'Booker'f kaadhimame maal hima?
Ma’aazaa Mangisteen kitaabashee waa’ee dubartoota gootaa yeroo Xaaliyaaaniin Itoophiyaa weerarte wareegama kaffalan himu’ ‘The Shadow King’ jedhuun badhaasa ‘Booker’ jedhamuuf kaadhimamteetti.
Qabsoo bilisummaaf taasifameen maqaa warra dhiiraa qofat leellifama. Qabsaa’onni dubartootaa seenaa keessaa haqamuun isaanii fi shoorri isaanii maali kan jedhu baruuf gara duubaatti deebitee kitaaba ‘The Shadow King’ jedhu kanaan nu daawwachiifti. Maa’aazaa Mangisteen af-gaaffii BBC waliin taasifteen dubartoonni Itoophiyaa loltoota Xaaliyaaniin gudeeddii irra gahee fi namummaa isaaniin kabajamuuf qabsoo taasisan irratti haasofteetti. BBC: Badhaasa ‘Booker’ dhaaf kaadhimamuu keetiif maaltu sitti dhagahame? Ma’aazaa: Waan hin amanamne dha. Tasumaa kana hin eegne ani. Anaaf dhimmi guddaan kitaabicha xumuruu ture. Isa yaadamuun caalaa kitaabicha xumuruuf yeroo dheeraa dha natti fudhate. Barreessee xumuree namoonni dubbisuu danda’uun isaanii anaaf ajaa’iba. Badhaasichaaf kaadhimamuun gaafa bilbilaan natti himame gammachuu natti dhagahame siif ibsuu hin danda’u. Addunyaan akka tokko natti taate, edaa ni danda’amaan jedhee, shaggaa ture. Kan biraa maalan jedha. BBC:Kitaabni kee jalqabaa ‘Beneath The Line’ bahee waggaa kudhan booda dha inni kun kan bahe? Waa’ee Kitaabichaa nutti haasa’i mee? Ma’aazaa: Yeroon kitaabicha jalqabu fedhiin koo inn guddaan waa’ee weerara Xaaliyaanii barreessuu ture. Xaaliyaaniin hanga funyaanitti meeshaa waraanaa hidhatus, lammiileen Itoophiyaa waggaa shaniif qabsaa’uun injifachuu isaaniin himu barbaadee ture. Yeroon seenaa kana barreessuu jalqabu caalaatti qalbii koo kan hawwate seenaa namootaa, jiruufi jireenya guyyuu, yeroo waraanni akka malee jabaate sanatti hariiroon uummata gidduu jiru na dinqe. Kanumaan muddama sana hundaa keessatti jireenyi namootaa maal fakkaata kan jedhu xiinxaluun eegale. Gootummaa waraanaa moggaatti dhiiseen, yeroos fuudhaafi heerumni attam ture? Hariiroon jaalalaa waraana keessatti maal fakkaataa? Hariiroo walii waliiniifi waraanichi dubartootaa fi dhiirota irratti dhiibbaa akkamii uuma kan jedhus qorachuun jalqabe. Achumaan sirni gita bittaa yeroos ture seenaa, amantii fi suuraa sobaa fayyadamuun miiliyoonota cunqursuufi fudhatama kan qabu fakkeessuu akka yaalan illee ilaaluun jalqabe. Kanumaan seenichi waraana Itoophiyaafi Xaaliyaanii caalee taa’e. Kana malees nutii fi isaan akkamiin akka jiraannu qorachuufi qo’achuun jalqabe. BBC: Qorannoof yeroo hangamii fudhatte? Ma’aazaa: Yaa Rabbii, waan si dhibu jalqabaa hanga xumuraatti fixuuf waggaa kudhan na jalaa fudhateera. Waggaa lamaan sadan tokkoof xiyyeeffannoon koo qorannoorratti ture. Gidduu gidduuttis barreessuun yaala ture. Qorannoo sana gochuuf Afaan Xaaliyaanii barachuun narra ture. Galmeewwan garaagaraa sakatta’uuf turjumaan hin barbaanne ture. Kana malees miirri ani waraana sanaaf qabuufi biyyoota Awurooppaa Afrikaa irratti waraana labsaniif ilaalchi an qabu gaarii hin turre. Xaaliyaan yeroon deeme aarii guddaatu natti dhagahamee ture. Yeroon galmee gaggalagalchu lammiin Xaaliyaanii tokkollee waa akka natti dubbatu hin barbaanne ture. Achii aarii guddaa akkasii keessa tahanii kitaaba barreessuun hin danda’amuun jedhe. Akkamiin waan uumame hunda hubachuun danda’ama jechuun of gaafachuun jalqabe. Ijoollee, ijoollee loltoota Xaaliyaanii Itoophiyaa waraanani dubbisuuf jecha dha kanani afaan Xaaliyaanii baradhe. Kunillee yeroo muraasa na harkaa fudhateera. Sana booda seenaan kun banaa naaf tahe, seenaa dhuunfaas tahe. Waraanichi maatii keenya waliin wal qabata. Akaakkayyuun koo karaa abbaa koo jiru waraanicha irratti hirmaataniiru. Ilmi wasiila abbaa koos waraana kanarratti wareegameera. Maatii waliinis yeroo suuraa ilaallu warreen kana waraana irratti dhabne jedhaniitu dubbatu. Waraana kanarrattii seenaa dubartoota waliin duulanii dhagaheera. Garuu yeroo mara kan himamu akkamiin warreen dhiiraa hordofanii akka deemaniifi warreen du’an awwaaluufi kan madaa’an kunuunsuu ture gahee isaanii. Kitaabicha xumura jala gahee yeroo dhumuuf jedhu qorannoo taasisuuf iddoowwan waraanni itti adeemsifame ilaaluuf Itoophiyaa deemeen haadha koo waliin imala guyyaa kudhanii taasifne. Haadha koo waliin waa’ee biyyaafi suuraawwan dubartootaa waraanicharratti hirmaatanii itti agarsiisee,kaanillee jiraachuu danda’u kan ani hin beekne yeroon jedhu akaakilee kee naan jette. Afaan ani hin beekneen waan odeessaa jirtu natti fakkaate. Hanga yoonaa yeroon qorannoo kana hunda taasisu maaliif natti hin himneen jedheen. Isheenis anaan na gaafattee hin beektu naan jette. Baayyeen dinqame. Sababiinsaa waa’ee seenaa waraana kanaa yoo yaadnu, waan dubartoonni odeessan, goola isaaniitti kan dubbatanii fi obboleewwaniifi haadhaaf intala gidduutti seenaan himamu akka seenaatti hin ilaallu. Warreen dhiiraa qofa amanna. Karaa maatii koo seenaa warra dhiiraa nan beeka kana garuu takkaa dhagahee hin beeku. Erga kitaabni kun bahee boodallee maatii keessan keessaa dubartoota gaafadhaan jedha. Sababiinsaa dubartoonni Afrikaa, dimshaashumatti warreen kibba addunyaatti argaman waraana bilisa baasaa irratti sirriitti hirmaataniiru. Seenaa Dubartoota Naayjeeriyaa, kan Afrikaa Kibbaa qabsoo isaan taasisan eeruun ni danda’ama. Kuni seenaa haaraa miti. Haa tahu malee isaaniin hin leellisnu, waa’ee isaaniis hin odeessinu. Akka qaama seenaattis hin ilaalamui, kitaaba barnootaa keessatti illee seenaan isaanii hin jiru. Seenaa addunyaa keessattis akkasuma hin jiran. Inumaa immoo seenaan akkaataa warrii Awurooppaa dhiyeessuu barbaadaniin himama. Haala sana cabsuun dubartootni gurraachi qaama seenaa addunyaa tahuu agarsiisuun barbaade. BBC: Mee waa’ee dubartoota seenaa kana keessatti eeramanii nutti haasa’I dubartoonni kunneen jalqaba yeroo jalqabdu qaama seenaan isaan qaama kitaabichaa taha jettee yaaddee turtee? Ma’aazaa: Lakki takkaa hin yaadane ture. Waa’ee gootota dubartootaa waanan beeku hin jiru ture. Dubartoota irra warreen Xaaliyaanii haleellaa guddeeddii akka qaqqabsiisan ijaan dhagahuufi waa’eesaa barreessuu yaadeen ture. Kanaan ala seenaama waraanaa dhiirotaan barreessuufan karoora qaba ture. Yeroo kanatti seenaa dinqisiisaa bara 1935tti gaazexaa Niiw Yoork Taayims irratti bahen arage. Innis dubartiin tokko abbaan warrraashee wareegamnaan qawweesaa fuuteeti loltuu kuma lama inni hoogganaa turedura bu’aa waraanicha itti fufti. Kana dubbisuun seenaa kitaaba koo akka haaraatti geeddare. Dubartiin kallattiin waraanaa akka turte nan hubadhe. Dhiiroti akka ishee hordofan kan taasifte hoggansa waraana tokko keessatti barattee turte jechuu dha. Haala kanaan dubartoonni biroo jiru kan jedhuun, sammuu koos kitaabichis ni geeddarame. BBC: Kitaabichi hangam isaatu seenaa dhugaa irratti hundaa’e? Ma’aazaa: Guutummaan guutuutti seenaa dhugaa dha jechuun ni danda’ama. Dubartii akka Hiruut qawwee abbaashe argachuuf falmaa turte hin beeku. Akkoon haadha koo kana gochuuf falmuu ishee hin beekun ture. Seenaa kana haati koo kan natti himte yeroon kitaaba koo xumuruu jedhutti ture. Dubartoonni kunneen maqaan isaanii Asteerii fi Hiruut tahuu baatus seenaa keessatii jiraachuu isaanii hubadheera. Kitaabicha keessatti dubartiin nyaata bilcheesitu maqaa ishee himuu hin feetu haa tahu malee garbummaan gurguramtee illee kabajashee eeggatti ture, Dubartoota akkasii nan beeka. Dubartoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa akka dadhabdoota yoo ilaalaman nan dhagaha ani garuu dubartoota callisan malee kan dadhaboo tahan hin beeku. BBC: Seenaa kana haala asoosamaan himuun siif hojii sii salphiseeraa? Ma’aazaa: Ee gama tokkoon naa salphiseera. Waraana kanaaf hariiroo kallattii qabaachuu dhabus, seenaa kana keessatti dararaan warreen Xaaliyaanii qaqqabsiisan yoon yaadu waan ba’aan narratti fe’ame natti fakkaata. Dabalataan waa’ee haleellaa saalaa yeroos turee barreesseera sirni gabroomfataa dhiiraaf loogu dubartootni gama kamiinuu yoo jiraatan dhiibbaa irraan gahu hubadheera. Seenichi kan darbee fi kan ammaa waliin wal qabata. Qooddattoonni kitaabicha keessa jiran seenaa ijoollee dubaraa amma jiran waliin wal fakkaata seenaan isaanii. Lubbuun jiraachuuf falmatu qabsoon isaanis akkuma itti fufeetti jira. Maatii dhaa qabee hanga iddoo hojiitti dubartoonni ammallee sagalee isaanii yoo dhageessifatan argina. Kuni anaaf abdii naa kenna. BBC: Kitaabicha erga barreesiteen booda deebii akkamii argachaa jirta? Ma’aazaa: Baayyee namatti tola. Sadarkaa addunyaattis jaalatameera jedheen yaada. Haati tokko inumaayyuu yeroo ijoollummaa kootti na deebistee, yeroo warraaqsa barattootaa sana na yaadachiifte faa naan jedhaniiru. BBC: Barreessaan dhiibbaa gaarii sirratti uume eenyu? Ma’aazaa: Anaaf barreessituu Giriik tooko kitaabashee ‘Our sisterical Joy’ jedhu dha. Yeroon kitaaba kana dubbise, reefun kitaaba dubbisuu eegala ture. Ameerikaatti yoon baradhu seenaan nutti himan seenaa keenya hin qabu ture. Kanaaf kitaaba sana yoon dubbisuu akka kan kootti natti dhagahama, dubartiin Afriikaa tokko seenaa Giriik akkamiin dubbisti jedhaniiru natti qoosu ture. Giriikii waliin hariiroo tokkoyyuu hin qaban jedhaniitu yaadu. Anaaf garuu kitaaba sana dubbisuun ifatti na baasee ture. Lammii Itoophiyaa- Ameerikaa kitabnishee badhaasaaf filatame
43057465
https://www.bbc.com/afaanoromoo/43057465
Ahimaddiin Jabali fa'i hiikamuusaanii dhagahame
Ahimaddiin Jabalii fi miseensoonni koreen furmaata barbaadduu Muslimaa har'a hiikamusaanii, Abukaatoon BBC'f mirkanneessite.
Uztaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee miseensoonni koreen furmaata barbaadduu muslimaa afur ALI bara 2004 kaasee mana hidhaa tu'an hiikamuusaanii Abukaatoon isaanii Addis Mahammad himan. Namoonni kunneen mankaraaristoota amantaa jedhamuun kan himatan yoo ta'u, Uztaaz Ahamddiin Jabal hidhaan cimaan waggaa 22 , Muhammad Abaatee waggaa 18, akkasumas Kaalid Ibraahimii fi Ahmad Musxafaa waggaan 15 itti murtaa'ee turan. Haaluma walfakkaatunis, barreessaan zoonii zaxanyii Fiqaadu Hayiluu, AxinaafuBirihanefi Naatinaa'el Falaqa himannaan isaanii akka cituun dhagahameera.
oduu-48891928
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48891928
Daani'eel Baqqalaa: “Waggaa darbee jijjiramni seenaa biyyattii keessatti adda ta'e mul’ateera”
Dhaabbilee idil addunyaa mirga namoomaaf morman adda addaa keessa hojjataa kan turan Dr Daani'el Baqqalaa dhiheenya kana Komishinara Muummee Komishiinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa ta'un muudamaniiru.
ALA bara 2011 hanga 2016'tti dhaabbata mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal jedhamutti Daarektara olaanaa damee Afriikaa ta'un tajaajianiiru. Kana malees, dhaabbilee akka Oksifam, Baankii Addunyaa fi USAIDS keessatti gorsaa ta'un hojjataniiru. Dhaabbilee sivilii kan biraa hedduu keessas hojjataa kan turan Dr Daani'el, filannoon ALI bara 1997 bilisa akka ta'uufi mirgoonni namoomaa akka hinsarbamneef yaalii taasisaniiru. Bara 2009 ammoo hojiidhuma hojjataniif badhaasa argataniiru. Gama qophaa'insa barnootaatiinis Dr Daani'ee Yunivarsitii Finfinneetii seeraan digrii jalqabaa, digirii lammaaffaa ammoo damee barnootaa 'Regional Development studies' jedhamuun argataniiru. Kana malees Yunivaarsitii Oksifordiitti 'Legal Study' dhaan digrii lammmaffaa kan biraa argataniiru. PHD isaanii ammoo damee barnootaa 'International Law' dhaan kan xumuran. Dhiheenya immoo Komishinara Mummee Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ta'un mudamaniiru Dr Daani'el. Kana ilaalchisuunis gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan akka asiin gadiitti dhiyaata. Bara ADWUI keessaa nan muudama jettanii yaaddanii beektuu? Guyyaan akkasii ni dhufa jettanii yaaddanii beektuu? Daani'eel Baqqalaa: Gaaffiii guyyaan akkasiin ni dhufaa jettee beektaa? jedhuufi Itoophiyaa keessatti jijjiramni akkasiin ni dhufa jettee yaaddee beektaa? jechuu yoo ta'ee, eeyyeen nan yaada ture. Akka dhufuus natti dhagahama ture. Waa'ee kiyyaa yoo ta'e ammoo kun addadha, gonkumaa yaadee hinbeeku ture. Bara mootummaa kanaatti gonkumaa yaadee hinbeekuun ture. Kabajamni mirga namoomaa fi dagaaginni dimookiraasii biyya kiyyaaf yaadaa tureef karaa kamiinuu gumaata taasisuuf fedhii kan qabuu fi qophaa'aa ta'u kiyya nan yaada. Bara dheeraaf kanan hojjadhee dhaabbilee siviilii keessa waan tureef, dhaabbilee akkasii keessatti gumaatan taasisa jedheen yaada ture malee mudama akkasii, keessattuu itti gaafatamummaa bara motummaa ADWUI ni ta'a jedhee gonkumaa yaadee hinbeeku ture. Haa ta'u malee, bulchiinsi ADWUI duraan ture haala sanaan akka ittti hinfufnee, sirna dimokiraatawa hintaane kamiyyuu ammoo humni jijiiramaa keessummaa dhalachuun akka hinollee, jijjiamni keessoodhaa bahuu kunis ammoo ajandaa rifoormii hogganuu akka danda'u fi haala akkasiitiin Itoophiyaa keessatti jijjiramni dhufuu akka danda'u yaadaan ture. Ta'u ammoo sodaan balaan gara biraa uumamuu mala jedhuus akkuma jiruutti ta'ee jechuudha. Filannoo bara 1997 booda jeequmsa uumamee tureen walqabatee waggoota lamaaf hidhamtee ture. Yeroo hidhaarra turte sana attamiin yaadatta? Daani'el Baqqalaa: Akkuma beekamu hiidhaan yeroo rakkiisaadha. Yeroo gaarii hinturree. Keessattuu mana hiidhaa Itoophiyaa fi keessattuu kan nuti itti hidhamne turre baayyee rakkisaa ture. Yeroonsaa baayyee hamaa ture. Wantan yaadadhu keessaa tokko ana caalaa rakkinaa fi hiraara maatii kiyyaa irra gahee hinirraanfadhu. Ammas namoonni yoo hidhaman waa'ee maatii isaaniin yaada. Kanaan alatti, haalichi gaarii ta'u baatulleen ammaan tana waa'ee sanaa miira jibbaa, gaabbii, aarii ykn miira haalootiin hinyaadadhu. Akka rakkina jireenya namaa keessatti mudachu danda'u tokkotti fudhachuun, waanan irraa barachu qabu baradhee jireenya kiyya itti fufsiisuu yaaleera. Tibban mana hiidhaa tureetti ammoo, haala hidhamtoonni Itoophiyaa keessatti argaman hubachuuf carraa waanan argadheef, baayyinaa fi, haala hidhamtootaa, dhimma ittiin hidhamaniifi haala qabiinsa hidhamtootaa manneen sirreessaatiin taasifamu hubadheera. Kanaafuu gama kanaan, waanan argu hindandeenye tokko akkan hubadhuuf carraa naaf kenneera. Bakka gaarii hinfakkaannee tokko keessa taa'un haala jiru hubachuun mataansaa gaariidha. Kanaafuu barnoota bu'aa qabeessa ta'e itti argadheera jechuun danda'a. Itoophiyaan baroota dheeraadhaaf mirga namoomaa ilaalchisee komatamaa turte. Dhiheenyatti ammoo, Komishinara komishinii mirga namoomaa biyyattii taatee jirta. Wayita mudama kana fudhattuu jijjiramawwan attamii taasisuuf yaaddee jirta? Daani'eel Baqqalaa: Jijjiiramoonni waggoota tokko asi erga hooggansii haaromsaa kun gara aangootti dhufeen booda Itoophiyaa keessatti mul'atan haaluun hin danda'amu. Itoophiyaa keessattii jijjiirama bu'uuraa olaanaa, tarii seenaa biyyattii keeessatti adda kan ta'ee mul'ateera. Fakkeenyaaf waa'een namoota hidhamanii irra deddeebiin himamaa ture hiidhaadhaa gadi dhiisuu kaasee, dirreen siyaasaa gama hundaan banaa taasifamuu isaa fi mirgi siyaasaa kanneen dhimmi biyyattii nu ilaallata jedhanii fi qoodamanii turan hundi haala hammatamaniin karri banameera. Haala kamiinuu adeemsa siyaasaa amma Itoophiyaa keessatti saaqameen namni ykn gareen qoodameera jedhamu waan jiru natti hinfakkaatu. Duunkaana bal'aatuu dhaabbate. Karra bal'aatuu saaqame. Kanaafuu kanneen waa'ee biyya keenyaaf nu galcha jedhan hundi hirmaachu carraan uumameera jedheen yaada. Carraan uumame kunis haala qabiinsa mirga namoomaa sadarkaa olaanaan fooyyeesseera, jijjirees jira. Kana jechuun ammoo rakkooleen mirga namoomaa guutummaatti hiikameera jechuu miti. Rakkinnis hinjiru jechu miti. Itoophiyaa keessa rakkoolee walxaxaatu jira. Rakkooleen siyaasaa hedduutuu jira, rakkina diinagdee keessaatti kan argamnu tu'us haalu hindendeenyu. Adeemsa haaraa fi jijjiramaa amma eegalameen garuu rakkooleewwan kanneen harka walqabachuufi wal deeggaruun jijjiruufi fooyyeessuu kan nu dandeessisu carraan jira jedheen amana. Seenaa biyyattii keessatti carraawwan hedduun umamamaniiru. Carraawwan kunneenis yoo badan agarreera. Ammas carraa kana balleessuun waan nurra jiraatu natti hinfakkaatu. Kanaafu carraa amma argameettii fi haala mijataa jiruutti fayyadamuun biyya keenya gara fuuladuuraatti adeemsiisuuf hojjachuu qabna amantaa jedhuunan mudama kanas simadhee fudhadhe. Komishiniin Mirga Namoomaa badii mootummaan raawwatu gad qabuun himatama. Komiin guddaas irratti ka'aa ture. Isaan sirrataniiruu? Akkamiinis sirratuu danda'a? Daani'el Baqqalaa: Hanqinoonni kunneen hin sirroofne. Fuuladuratti kan sirratan malee ammatti hin sirroofne. Amma wanti eegalame dhaabbilee dimookiraasii kan jedhaman kanneen akka komishinii mirga namoomaa, boordii filannoo akkasumas kaan walaba, bilisa akkasumas cimaa akka ta'an gochuuf carraan uumameera. Kanas gochuuf tarkaanfiin jalqabaa fudhatameera. Kanneen jijjiirama kana hogganan waajjiroota kanaaf nama ta'u jedhan filuu eegaluun isaanii tarkaanfii guddaadha. Kanaaf, reefu hojiin eegalame malee hin xumuramne. Garuu, carraan uumame kana gochuu kan dandeessisu waan ta'ef abdii guddaa waan namatti horudha jedheen yaada. Dhihoo gareen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal jedhamu komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti jijjiiramni caasaa akka taasifamu gaafata. Jijjiirama akkamiitu dhufuu qaba? Daani'el Baqqala : Anis jijjiiramni bu'uuraa taasifamu qaba nan jedha. Haa ta'u malee, kanatti seenuu keenya dura qorachuu qabna. Sadarkaa idil - addunyaatti muuxannoon gaarii jedhaman maali jeedhani hubachuun barbaachisa. Sababa kanaaf, jijjiiramni bu'uuraa taasifamu kana jedhee dubbachuuf qophii miti. Qaamoleen dhimmi kuni isaan ilaallatu hunda irraa erga walitti qabamee booda jijiirama bu'uuraa gochuu dandeenya. Jijjiiramni taasifamus namoonni ammallee saba isaaniin yeroo miidhaman mul'ata. Akka komishinii mirga namoomaatti hanqinaaleen maal fa'i? Daani'el Baqqalaa: Rakkooleen baay'eedha. Fakkenyaaf dhaabbileen cimoo jiraachuu dhabuun rakkoo guddaadha. Sababni isaas, hojii mana murtii, poolisiifi humnoota nageenyaatin sarbamni mirga namoomaa karaan itti raawwatu jira. Bakkeewwan tokko tokko dhaabbileen olaantummaa seeraa kabachiisan waan dadhabaniif ykn waan badanif hanqinni dhalateera. Sababa jijjiiramni taasifamen wal qabatees ajjeechaa akkasumas namni hedduu qe'ee irraa buqqa'eera. Rakkoon siyaasa Itoophiyaa furmaata waan hin arganneef kuni hundi immoo qabiinsa mirga namoomaa irratti dhiibbaa ni uumu. Kuni wanta nama yaaddessudha. Siyaasa amma keessa jirruun wal qabates wantoota kana hunda yaada keessa seensisuun akkamin qabiinsa mirga namoomaa fooyyeessuun danda'ama kan jedhu ulfaataadha. Walumaa gala, rakkoolee siyaasa, diinagdeefi hawaasummaa keenya irraa wantoonni ka'anis mirga namoomaa irratti dhiibbaa uumu. Kunneen, gufuu guddaa ta'u jedhee nan yaada.
oduu-51190489
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51190489
Isheen Eenyu 12?: Fardoosaa Yuusuf: Dizaayinarii uffata aadaa Oromoo dorgommii idila addunyaa mo'ate qopheessite
"Yeroo gara biyya kee deebitee ilaaltu waan hir'ate tokko ilaalta. Huccuu keenyallee ammayyeesinee gama diinagdeen akka hin fayyadamne godhameera," jechuun waan bara 2005 yeroo jalqabaaf gara biyyaa dhuftu taajjabde dubbatti.
"Ijoollummaa koo irraa eegaleen kukuullachuu jaaladha" kan jettu ogeettin dizaayinii uffataa Fardoosaa Yuusuf biyya hambaatti mana midhaaginaatti qacaramtee hojjechuun hojii ogummaa miidhaaginaa eegalte. Dhiyeenya kana ammoo uffatni aadaa Arsii isheen hojjette dorgommii 'Miss Progress International' biyya Italy adeemsifame damee 'best national costume' jedhuun injifateera. "Bara 2005 Caffee Oromiyaatti nu affeeranii turan. Achi deemuuf uffata aadaa Oromoo bitachuuf yeroon ilaalu huccuun na gammachiise hin jiru ture. Baay'ee natti dhagahame" jetti ogeettin tun. "Uffatni aadaa uummattoota biroo takka yookiin lama. Kan Oromiyaa garuu godina godinaanuu gosa uuffata aadaa 11 ol qabna. Huccuu sabaaf sablammootaa agarsiisuf baay'ee kan nama rakkisus kan Oromooti. Hedduuminni isaa yeroo sirraa fudhata. Kam agarsiistee kam dhiista? Baay'ee si rakkisa" jechuunis heddumina gosa uffata aadaa uummatni Oromoo qabu himti. Haa ta'u malee uuffatni aadaa Oromoo waltajjiilee biyya keessaas ta'e idil addunyaatti hanga barbaadamu mul'achuu dhiisuunsaa xiiqii akka itti uume kan himtu Fardoosaa Yuusuf, yaada "namni tokko jijjiirama fiduu danda'a" jedhuun indaastrii faashinii fi dizaayinii uuffata aadaatti galuushee nutti himte. Turtiin dizaayinar Fardoosaa Yuusuf walin taasifne akka armaan gadiitti katabneerra. Dhiyaadhaa. BBC: Oromiyaa fi qabeenya isheen qabdu akkamin ibsita? Fardoosaa: Hojiilee adda addaa waan dalaguuf hojii dizaayinii uuffataa qofa hojii koo godhee hojjechaa hin turre. Kanaafu waa'ee huccuu kana xiiqiitu na jalqabsiise. Ta'us garuu waltajjiilee gurguddaa irratti agarsiisa uuffata aadaa qopheesen jira. BBC: Dhiyeenya kan uuffatni haadha siinqee ati hojjette badhaasa idil addunyaa 'Miss Progress International' jedhamu injifateera. Dorgommii akkanaa mo'achuun miira akkamii sif kenna? Fardoosaa: Qisaannat dorgomtee huccuun haadha siinqee ani hodhe addunyaarratti moo'uunsheetin ani huccuu aadaa Oromoo sadarkaa geessuu qaburra akkan hin geessine natti dhagahame. Osoon hojjedhee kana caalaa hojjechuu danda'a jedheen yaade. Ani akka Fardoosaatti jijjiirama xiqqoo fiduun danda'a jedheen eegale. Ani namoota bebbeekkamoo fi artiistota Amaaraa uuffata aadaa Oromoo nan uffisa. Aadaa isaanii nutu beeksisaa ture. Akkuma kan isaanii beeksisaa turre isaanis kan keenya beeksisuu qabu. BBC: Angawoota biyya alaa uuffata aadaa Oromoo ni uffista. Pirezidaantii Ameerikaa uffisuuf yaada akka qabdu dubbattee turte. Tiraamp maaliif filatte? Fardoosaa: Tiraamp Afriikaa gad-xiqqeessee ilaala. Garuu biyya guddoo inni bulchu san namni Afriikaa akka asin akka gahe quba hin qabu. Garummoo jaalannes jibbines pirezidaantii Ameerikaati. Kanaafuu dimokiraasii inni amma ittin bulchaa jiru, akkaataa inni Ameerikaa itti bulchu waggaa kuma meeqa dura namni Oromoo jedhamu akka isa caalaa bulchaa ture hubachiisuf isa filadhe. Yoon carraa sana argadhee uuffata abbaa gadaa isa uffisu waa'ee gadaa itti himee ilaalcha Afriikaaf qabu akka jijjiiruuf isa filadhe. BBC: Sadarkaa uuffatni aadaa Oromoo yeroo ammaa itti jiru fi sochii dizaayinarootaa akkamitti ilaalta? Fardoosaa: Akka Itoophiyaattu miidiyaaleen keenya irratti dalagaa hin jiran. Garuu bakka irra geenye kana komachuuf osoo hin taanee itti adeemaa jirra. Akka addunyaattimmoo nu hafa. Hindiin huccuu takka kan Saari jedhamtu qabdi. Hindii deemee ilaalen jira. Huccuu takka aruuzaaf bareechanii tolchanii yeroo doolaara 20,000n gurguran ija kootin argeera. Kanaafu huccuun keenya akka huccuu Saari sana addunyaarratti akka beekkamu fi namni biraan akka uuffatu gochuu qabna. Addunyaa dhiisi nuti akka Oromottillee waan Oromiyaan qabdu waan sirriitti beeknu natti hin fakkaatu. Aadaa nama boonsu qabna. Dimookiraasii amma addunyaan ittin bultus Oromootu qaba. Kanaafu baay'ee heddu waan ta'ef akkattin ibsu baay'ee natti ulfaata. BBC: Haala yeroo ijoolummaakee fi imala gara Kaanaadaa nutti himi? Fardoosaa: Ani Dirredhawaattin dhaladhe. Yeroo dheeraa garuu Kaanaadaan jiraadhe. Kaanaadaa bara 1992ttin deeme. Isa dura baati shanif Keeniyaan ture. Aadaa koo fi huccuu aadaa koo nan jaaladha. Gaafan Keeniyaarraa gara Kaanaadaa deemus uuffata aadaa Oromoo uffadheen deeme. BBC: Kaanaadaatti hojii miidhaginaa (makeup) hojjetaa turte. Akkamiin eegalte? Fardoosaa: Biyya Kaanaadaatti jalqaba mana miidhaaginaa tokko keessattin qacaramee hojjechuu eegale. Sana booda achii bahee mana rifeensaa fi bareedinaa banadhee waanuma bareedinaa kana hojjechuu eegale. Moodelummaas yaalen jira. BBC: Sana booda garaan akkamiin gara biyyaa si yaade? Fardoosaa: Achi teenyee akkaataan biyya keenya itti ilaalaa turretu jira. Yeroo biyya keetitti deebitee ilaaltu waan hir'ate tokko agarta. Huccuu keenyallee ammayyeesinee gama diinagdeen akka hin fayyadamne godhameera. Namni tokko jijjiirama fiduu danda'a. Yeroo hunda yoo agarte nuti "aadaan keenya cunqurfamte. Afaan keenya bade" jennee haasofna. Kanaafuu haasaa bira darbee namuu waan danda'un gumaachuu qaba jedheen gara biyyaa deebi'e. BBC: Gara biyyaa dhuftee hojii dizaayinii uuffata aadaa eegaltee. Imalli hojii dizaayinii uuffataa maal fakkaata ture? Fardoosaa: Hojiilee adda addaa waan dalaguuf hojii dizaayinii uuffataa qofa hojii koo godhee hojjechaa hin turre. Kanaafu waa'ee huccuu kana xiiqiitu na jalqabsiise. Ta'us garuu waltajjiilee gurguddaa irratti agarsiisa uuffata aadaa qopheesen jira. BBC: Dhiyeenya kan uuffatni haadha siinqee ati hojjette badhaasa idil addunyaa 'Miss Progress International' jedhamu injifateera. Dorgommii akkanaa mo'achuun miira akkamii sif kenna? Fardoosaa: Qisaannat dorgomtee huccuun haadha siinqee ani hodhe addunyaarratti moo'uunsheetin ani huccuu aadaa Oromoo sadarkaa geessuu qaburra akkan hin geessine natti dhagahame. Osoon hojjedhee kana caalaa hojjechuu danda'a jedheen yaade. Ani akka Fardoosaatti jijjiirama xiqqoo fiduun danda'a jedheen eegale. Ani namoota bebbeekkamoo fi artiistota Amaaraa uuffata aadaa Oromoo nan uffisa. Aadaa isaanii nutu beeksisaa ture. Akkuma kan isaanii beeksisaa turre isaanis kan keenya beeksisuu qabu. BBC: Angawoota biyya alaa uuffata aadaa Oromoo ni uffista. Pirezidaantii Ameerikaa uffisuuf yaada akka qabdu dubbattee turte. Tiraamp maaliif filatte? Fardoosaa: Traamp Afriikaa gad-xiqqeessee ilaala. Garuu biyya guddoo inni bulchu san namni Afriikaa akka asin akka gahe quba hin qabu. Garummoo jaalannes jibbines pirezidaantii Ameerikaati. Kanaafuu dimokiraasii inni amma ittin bulchaa jiru, akkaataa inni Ameerikaa itti bulchu waggaa kuma meeqa dura namni Oromoo jedhamu akka isa caalaa bulchaa ture hubachiisuf isa filadhe. Yoon carraa sana argadhee uuffata abbaa gadaa isa uffisu waa'ee gadaa itti himee ilaalcha Afriikaaf qabu akka jijjiiruuf isa filadhe. BBC: Sadarkaa uuffatni aadaa Oromoo yeroo ammaa itti jiru fi sochii dizaayinarootaa akkamitti ilaalta? Fardoosaa: Akka Itoophiyaattu miidiyaaleen keenya irratti dalagaa hin jiran. Garuu bakka irra geenye kana komachuuf osoo hin taanee itti adeemaa jirra. Akka addunyaattimmoo nu hafa. Hindiin huccuu takka kan Saari jedhamtu qabdi. Hindii deemee ilaalen jira. Huccuu takka aruuzaaf bareechanii tolchanii yeroo doolaara 20,000n gurguran ija kootin argeera. Kanaafu huccuun keenya akka huccuu Saari sana addunyaarratti akka beekkamu fi namni biraan akka uuffatu gochuu qabna. BBC: Uffata aadaa Oromoo uuffataalee biyyaalee Afriikaa biroo waliin makteellee ni hojjetta. Kun maalifi? Fardoosaa: Nuti as keessatti walitti wacuu dhiisnee uuffatni keenya biyyaan alatti Afriikaa keessatti akkasumas Awuroopaa fi Ameerikaa dabalatee gara aadunyaa biraatti akka dagaagu waan hawwuufi. BBC: Dukkaana uffata aadaa Firaans magaala Paaris keessatti banuuf yaada akka qabdu dhagaheen ture. Dhugaadhaa? Fardoosaa: Eeyyen dhugaa dha. Michuukoo biyya Senegaal jiru walin hojii qonnaatti seenuuf yaada qabna. Michuu nama kanaa Firaans jiraattutu hojiikoo erga ilaaltee booda "maalif biyya Faransaayitti dukkaana hin bannu?" jettee na gaafatte. Kanaafis mari'annee suuqicha banuuf murteesine. Ani amma jala jalaa huccuu hodhaan jira. Yeroo gabaabaatti suuqicha ni banna. BBC: Dhumarratti waa'ee karoora kee gara fulduraa nutti himi Fardoosaa: Ijoollee dargaggoota waan kanatti jiran jajjabeessuun barbaada. Dabalataan yeroo arganne hunda namoota dhiibbaa uumuu danda'an uuffata keenya uuffisu qabna. Namni kanaan nu caala. Gama miidiyaatinis sagantaa hojjechuuf yaadaan jira. *Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.
oduu-51788691
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51788691
Obbo Lammii Taayyee: 'Kan jaarsummaa jibbu seexana duwwaadha’
Koreen rakkoo nageenyaa Lixa fi Kibba Oromiyaatti mudate akka furamuf haala nan mijeessa jedhe, 'Koree Araaraafi Nagaa Furtuu', himannaan narratti ka'e fudhatama hin qabu jechuun ibse.
Obbo Lammii Taayyeen Barreessaa Koree kanaa yero ta'an himannaa Dr Gammachuu Magarsaa ni balaaleeffatu Koreen kuni torban darbe ibsa miidiyaaletti kenneen qaamolee lamaan, mootummaafi hidhattoota, walitti fiduun araarri akka bu'u gahee isaa akka gumaachu ibsee ture. Haa ta'u malee, qondaallii Paartii Badhaadhinaa waajjira Oromiyaa Obbo Taayyee Danda'aafi miseensa koree kanaati jedhamun ibsa irratti kan maqaan isaanii ka'e Dr Gammachuu Magarsaan karaaa gara garaanis ta'u koree kana himataniiru. Obbo Taayyee Danda'aan ''Koree araaraa wanti jedhan hin jiru. Daawud ibsaa waraana akka hin qabne ifaan waakkate. ... Warri baadiyyaa fi magaalatti yakka farra namoomaa raawwatu shiftaa dha. Shiftaa waliin ammoo dubbiin hin taatu,'' jechuun fuula fesbuukii isaanii irratti barreessan. Kuni egaa osoo Hogganaan Kominikeeshinii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa ibsa sana irratti argamuun mootummaan koree nagaa buusuuf hojjetu akka deeggaru osoo ibsanii jiraniiti. Gama kaaniin, miseensa koree araaraa ta'uun isaanii kan eerame Dr Gammachuu Magarsaa ibsa kenname kanaan booda, beekkamtii isaanii malee koricha keessatti galfamuu midiyaa biyya keessa tokkorratti dubataniiru. BBC'n haaluma adeemsa koree araaraaf haalan mijeessa jedhu kana ilaalchisuun barreessaa koricha kan ta'an Obbo Lammii Taayee waliin turtii taasiseera. "Korri keenya dhaabbata tola-ooltummaa Furtuu jedhamu jalatti ijaaramee jira. Korri kun ammoo Waraana Bilisummaa Oromootiifi mootummaa gidduu waldhabdeen jiru akka hiikamuuf jara lamaaniin koree filachiisa jechuudha," jechuun ibsuu Obbo Lammiin. 'Dubbiin Obbo Taayyee fudhatama hin qabu' Kan qondaalli Paartii Badhaadhinaa Obbo Taayyeen dubbataniifi Hoogganaan Biiroo Kominkeeshinii Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa dubbatan dhaga'uu ibsuun, dhimma akkasii irratti aangoon seeraa kan kennameef dubbi himaa mootummaadha jedhu Obbo Lammiin. "Akka seeraatti kan fudhatamuu qabu kan Obbo Getaachoon dubbatanidha. Sababiin isaas, dubbi himaa mootummaa waan ta'aniif aangoon seeraan isaaniif kennamaadha. Kan Obbo Taayyee Danda'aan haasa'an ammoo dhiibbaayyu haa qabaatu ykn araara sana jibbuuf ykn mormuudhaaf, akka gufatuuf fedhii dhuunfaa isaarraa qaburraan haasa'uu danda'a malee akka ejjennoo mootummaatti fudhatama qaba jedhee hin fudhadhu ani gamakootiin." Akka dhuunfaa isaatti Obbo Taayyeen fedhii araaraa sana dhabuu danda'a jechuun himu Obbo Lammiin. Erga ji'a ja'an darbanii as haadha isaanii bilbilaanis ta'e qaamaan dhaqanii akka arguu hin dandeenye kan dubbatan Obbo lammiin, sababii rakkoon nageenyaa jiruuf maatiifi firri isaaniillee maal keessa akka jiran namni quba walqabu hin jiru jechuun dhimma nagaa hangama akka yaaddessaarra ga'e ibsu. Rakkoon nageenyaa uumame guddaa ta'uu isaarraa kan ka'een nutti dhaga'amee furmaata argachuu qaba jechuun kaka'uu malee dhimma kana ilaalchisee WBO waliin hidhata hin qabnu, mootummaa waliinis ta'e Paartii Badhaadhinaa waliin hidhata hin qabnu jedhan Obbo Lammiin. "Itti waliin galle" Gama kaaniin Dr. Gammachuu Magarsaa tibba kana osoo hin beekiin koree kana keessatti filatamuu ibsanii, akka koree jedhame kana keessa hin jirrellee naaf yaa beekamu jedhanii turan. Dr Gammachuu Magarsaan osoo itti waliin galiin koree kana keessa na galchani jechuun dubbatu Hayyuun Antiroppooloojii Dr Gammachuu Magarsaa koreen kuni 'jarjarsuudhaan' hundaa'e yaada jedhu turtii miidiyaa OMN waliin taasisaniin ibsaniiru. Dhimma koree furtuu ibsi miidiyaaf kennamu guyyaa sadii dura [Kibxata] dhagahuu isaaniifi innu ijoo dubbii marii guyyaa san taasisan akka hin taane eeru. "Wanti irratti waliigalames hin jiru. Koreen furtuu rakkoo Oromiyaa keessa jiru hiika jedhee namni irratti waliigales hin jiru," jechuun himan. "Hin gaafatamne, itti hin amanne, itti waliin galle maqumakoo fuudhanii fiigani," jechuun ibsi kennamus quba hin qabu jechuun ibsu. Yaada isaanii kana garuu Obbo Lammii Taayyeen ni balaaleeffatu. Kana yeroo deebisan Obbo Lammiin guyyaa lama walga'ii Hoteela Gihoonitti akka waliin taa'an himuun dubbiin Dr. Gammachuu osoo hin beekiin itti ana dabalan jedhu ''dubbii sobaati'' jedhan. Marii guyyaa jalqabaas isaan waliin akka jalqaban kaasuun guyyaa dhumaa yeroo ibsa miidiyaaf kennuuf yeroo qophaa'aa jiranittis waajjira isaaniitti akka walga'an dubbatu. Akka Obbo Lammiin jedhanitti, Dr. Gammachuun ibsa Obbo Taayyee Danda'aa kennaniin booda dubbichi hin milkaa'u jechuudhaan wanti kun soba jechuudhaan abdii kutannaadhaan yaada dhuunfaa isaanii kennan jedhan. "Kun ammoo sirrii miti. Nutis hin fudhannu. Obbo Taayyee Danda'aa waan barbaade yoo haasa'e wanti kun milkaa'uu hin danda'u jedhanii akkasitti kaasuun isaanii sirrii miti," jechuun himu. Dr. Gammachuun nama Dr. Abiyyitti dhiyaatu barbaaddannee itti erganna jedhanii akka turan dubbachuun dhimmichi dhimma Dr. Abiy osoo hin taane dhimma biyyaati waan ta'eef, "nuti dhaabbata seera qabeessa waan taaneef lolumti akka dhaabbatuuf gaafanna," jedhan. Sodaadhuma Obbo Taayyee Danda'aan dubbataniifi aktivistoonni tokko tokko warri nagaan akka bu'u hin barbaanne walitti bu'iinsa kana ajandaa siyaasaatiifi beekkamtii mataa isaaniitiif itti fayyadamuudhaaf biddeena godhatanii olola namarratti oofan namoonni baqatu jedhu Obbo Lammiin. "Nuti ammoo gatii kaffaluun nurra jiraatu hundumaa ni kaffalla jennee korri kun ejjennoodhaan irratti hojjechaa jiraa," jechuun ibsu. 'Hojii jalqabne hin dhiisnu' Dr Gammachiis namoonni maqaan isaanii koreetti akka dabalamu kennanis miidiyaa irraa dhagahanii isaan gaafachuu dubbatu. Dhimma kana irratti kan gaafanne Obbo Lammiin Dr. Gammachuun jalqaba namoota biroo koree keessatti hirmaatan lamallee filanii booda yaada Obbo Taayyeen kennaniin booda garuu yaada jijjiirrachuu dhageenye jedhu Obbo Lammiin. "Nuti Taayyee mitiitii abbaan barbaade yoo haasa'e hojii jalqabne dhiisuu hin dandeenyu nuti. Waa'ee namoota rakkachaa jiraniitu nu kakaase waan ta'eef, abbaan barbaade waan barbaade yoo nuun jedheyyuu hojii jalqabne sana dhiisuu hin dandeenyu." Dr. Gammachuunillee koree kana keessatti hirmaachuu dhiisuu hin qaban ture kan jedhan Obbo Lammiin dhiimma jalqabarraa kaasnee waliin mariyachaa turreefi ofiinillee itti amananii namoota biraa koreetti affeeranii booda dhiisuun isaanii sirrii miti jedhan. Obbo Taayyeen ammoo hojii jalqaban haarsaa babaadame mara kaffaluun gargaarsa Waaqaan abdii milkaa'uu qabannee itti fufuna jedhu. Dhimma kana irratti garuu Dr Gammachuun yaada biraa akka qaban eeru. Akka hayyuun kuni jedhanitti rakkoo nageenyaa akka furamuf haawwii malee fala isaa hin qaban. Garuu, rakkinni nageenyaa dura qoratamuu qaba jechuun 'rakkoon walxaxaadha, koree tokkoon halkan tokkoon hin hikkamu,' jechuun yaada qaban ibsu. Koreen kuni kan durirraa addaa? Adeemsi isaanii kan kanaan dura ture irraa adda kan taasisu akka jiru kan ibsan Obbo Lammiin, haal-dureewan dura raawwatamuu qabu raawwachuun itti adeemuuf jiraachuu isaanii ibsu. Adeemsi araaraa kanaan dura jalqabamee hin milkaa'iin hafe haal-dureen barbaachisu dursee dhumuu dhiisuu isaatiini jedhu Obbo Lammiin. "Amma nuti garuu waraana hiikkachiisuu, waraana fidanii harka kennachiisuu kanneen jedhan haal-duree keessa galuu hin qaban jechuun itti deemna.'' Kana dura osoo araarri gara itti ba'utti hin baramiin dura waraana hiikkachiisuu sanatu dogogora uume jedhu. "Kanaaf nuti ammoo waraanni osoo meeshaa hin hiikkatiin, qaamni hidhatee jiru sun nama bakka buufatee akkamittin hiikkachuu danda'a kan jedhamu bakka bu'oota isaanii waliin mari'anneetu mirgi lamaaniiyyu haala wal madaalawaa ta'eefi kabajamuu danda'uun itti adeemama," jedhan. 'Kan jaarsummaa jibbu seexana duwwaadha' "Aadaa Oromoo keessatti namni jaarsummaa jibbu seexana duwwaadha. Jarri lamaanuu araara jibbu amantaa jedhu hin qabnu nuti,'' jedhu Obbo Lammiin. Warra hidhatanii bosona jiraniif gaaffii dhiyeessuutti akka jiranis ibsaniiru. Warri hidhatanii jiranis ta'e mootummaanis fedhii akka agarsiisee jiru kan himan Obbo Lammiin, jaarsolii isaanii filatanii itti deemama jedhu.
43028251
https://www.bbc.com/afaanoromoo/43028251
Hudhaaleefi abdii paarkiiwwan indastirii
Mootummaan Itoophiyaa yeroo dhiyoo as paarkilee indastirii ijaarruutti ko'oommataa jira. Kunis jiddugala maanufaakchariingi Afriikaa ta'uuf, akkasumas hoji dhabdummaa hir'isuuf shoora olaanaa qaba jedhamee abdatamee jira, ogeeyyiin tokko tokko karoorichi garmalee arbeeffamuu haa dubbataniyyuu malee.
Dargaggoota hojii dhabeeyyii karoora kanaan fayyadamna jedhanii abdatan keessa shamarreen ganna 19 Qiddist Damissee ishee tokko. Dargaggoota hoji dhabeeyyii hedduu waliin dorgomtee warshaa huccuu keessatti qacaramuf gara paarkii indastirii Hawaasaa osoo seenaa jirtu BBC'n kan haasofsiise Qiddist, yoo milkoofte ji'atti qarshii 750 akka argattu abdii qabdi. Sunis duraan keessummeessituu mana nyaataa tokkoo taatee kan argatturraa foyyee waan qabuuf malee gahaa ta'ee miti jetti. Sanuu "hojiin isaa ni ulfaata" jedhu hiriyoonni koo dursanii qacaraman jechuun BBC'tti himteetti. Hojjeettoota warshaalee paarkiiwwan kana keessa jiran keessa hojjetaniif mindaan kaffalamu gadi aanaa ta'uunsaa, hanqinni sharafa alaa akkasumas tasgabbii dhabiinsi siyaasaa biyyattii hudhaalee karoorichaa ta'uu dubbatu ogeeyyiin. Kaffaltiin hojjettootaa gadi aanaa ta'uu isaatiin hojjettoonni hojii gadi dhiisanii deemuun rakkoo paarkilee indastirii biyyattiin ijaaraa jirtu hundaati kan jedhan ogeessi diinagdee Obbo Abdulmanan Mohaammad, paarkileen indastirii kunneen carraa hojii uumuun isaanii waan hin oolledha jedhu. Rakkoo hoji dhabdummaa biyyattii parkilee indastirii qofaan hiikuun garuu waan hin yaadamne ta'uus dubbatu. "Saffisni itti paarkileen kunneen ijaaraman harkifataa ta'uun, erga ijaaramees warshaaleen keessatti hojjetan muraasa ta'uun isaanii karoora dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu gufachiisaa jira," jedhu Obbo Abdulmanan. Kanaaf karoorri biraa itti yaadamuu qaba jedhu. Karoora arbeeffamee fi raawwii harkifataa Paarkilee indastirii mootummaa ijaaramuuf karoorfaman keessaa xumuramanii kan hojii eegalan lama qofa yoo ta'an lamaan keessaa baasii doolaara miliyoona 250'n kan ijaarame paarkiin indastirii Hawaasaa isa tokko. Omishtoonni paarkii indastirii kana keessatti hojii eegalan, elektiriikii rakasa, dhiyeessii bishaaniifi tajaajila bulchiinsaa bilisaan argatu. Yeroo dheeraaf gibira kafaluu irraa bilisa akka ta'aniifi kafaltiin kiraas rakasa ta'uutu himama. Paarkiilee indastirii xumuraman keessatti warshaalee isaanii kan dhaaban abbootiin qabeenyaa biyya alaa hedduun jiraatanillee baasii ijaarsaa paarkilee kanneeniif bahuufi bu'aa isaan argamsiisaan wal-bira qabanii himuuf qorannoon cimaan adeemsifamuu barbaachisa jedhu Obbo Abdulmanan. Bu'aan isaanii qorannoon kan mirkanaa'u osoo ta'eeyyuu karoora qabame milkeessuun ulfaataa ta'uun garuu tilmaamaaf nama hin rakkisu jedhu. "Humna maallaqaafi beekumsa teekniikaa daran guddaa waan gaafatuuf yeroo qabame keessatti milkeessuun waan hin danda'amnedha," jedhu. Hanga bara 2025'tti paarkilee indastirii kan warshaalee omishaalee qonnaa qofa qindeessan 17 ijaaruuf karoorfamee jira. Ijaarsa paarkilee kanneeniif doolaarri biliyoona 2.5 kan barbaachisu yoo ta'u, adeemsa ijaarsaa paarkilee kanneeniifi kan biroo keessatti qaala'iinsa uumamuu danda'u waliin walumatti birrii biliyoona 100 ol barbaachisa jedhu Obbo Abdulmanan akkamiin karooricha milkeessuun ulfaataa akka ta'e yoo ibsan. Jiddugala Maanufaakchariingii Sadarkaa olaanaan damee maanufaakchariingii hawwataa kan turan biyyoota Eeshiyaa keessatti gatiin humnaa dabaluun wal-qabatee warshaaleen hedduun Afriikaa filataa jiru. Kana akka carraatti fayyadamuun, jiddugala manufaakchariingii ta'uuf fedhii guddaa kan qabdu Itoophiyaan hojiilee gara garaas hojjetaa jirti. Ijaarsi paarkilee indastirii agarsiiftuu kanaa keessaa akka tokkootti fudhatamuu danda'a. Paarkii indastirii Hawaasaa keessatti galma warshaalee 35 fi dabalaataanis man-kuusaawwan 15 ijaaramanii jiru. Warshaaleen huccuu paarkii indastirii kana keessa jiran bara darbe oomishaalee isaanii gara biyya alaatti erguun ji'atti doolaara miliyoona tokkoo ol argachaa jiru jechuun inistiitiyuutiin misooma indastirii huccuu Itoophiyaa Adoolessa darbe beeksisee ture. Warshaaleen hundi wayita hojii eegalan namoota kuma 60 oliif carraa hojii uumuun alatti, waggaatti sharafa alaa doolaara biliyoona tokko argamsiisa jedhameera. Haa ta'u malee tasgabbii dhabuun siyaasa biyyattii abbootiin qabeenyaa akka sodaataniifi gara biyyatti akka hin dhufne, hanqinni sharafa alaas karoora jiddugala maanufaakchariingii ta'uuf biyyattiin qabatte danqaa jira jedhu ogeessi diinagdee Obbo Abdulmanan. Hoji dhabdummaafi dhimma godaantotaa Paarkileen indastirii biyyattii kunneen sadarkaa olaanaatti rakkoo hoji dhabdummaa biyyattii ni furu jedhame yaadama. Ogeessi diinagdee Obbo Abdulmanan garuu baasii guddaa baasanii paarkilee karoorfaman hunda ijaaruun dura raawwii warra ijaaramanii xiinxaluun barbaachisaadha jedhu. "Wanti amma argaa jirru rakkoolee diinagdee qabnu hundaaf furmaata fidu amantaa jedhuun paarkilee kanneen ijaaruudha," jedhu. Gama biraan Itoophiyaa keessatti carraa hojii uumuun godaantota gara Awurooppaa imalan hambisa abdii jedhuun Gamtaan Awurooppaa doolaara miliyoona 500 arjoomuuf waadaa galee jira. Kunis godaantota silaa gara awurooppaa godaanan kuma 90'f carraa hojii uuma jedhamee amanama. Obbo Abdulmanan kunis waan irra deebiin ilaalamuu qabudha jedhu, sababni isaas Itoophiyaan ofiifuu hoji dhabeeyyii hedduu qabdi, osoo isaaniif hojii hin uumiin godaantota biyya biroof hojii uumuuf yaaduun rakkisaadha jedhu.
oduu-49137443
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49137443
Ashaaraa Magariisa: Biqiloota miliyoona 200 guyyaa tokkotti
Karoorri amma Ministira Muummee Itoophiyaa Dr Abiya Ahimadiin guyyaa tokkootti biqiloota miliyoona 200 ni dhaabna jedhame har'atti qabame kunis, sadarkaa galmee addunyaatti biyya Hindiitiin qabame cabsuuf akka ta'e, Artisti Dabbabaa Isheetu BBC'tti himanii turan.
''Hindiin guyyaa tokkootti biqiltoota miliyoona 100 dhaabuun galmee addunyaa qabatte jirti. Nuti ammoo guutuu biyyaatti biqiloota miliyoona 200 ni dhaabna jennee karoorfanneera,'' jedhaniiru Artisti Dabbabaan. Yaadni kunis fudhatama argatee lammilee hedduun bakkee garaa garaatti biqiltuu dhaabuuf gasoofi akkaafaa baatee mul'achuu eegaleera. Komishiniin Naannoo, Bosonaafi Jijjirama Qilleensaa, akkasuma sochiin misooma bosonaa akka jiru seensa gannaa kanaarratti ibsaa turan. Ganna baranaa qofatti walumaagalatti biqiloota biiliyoona 4 dhaabuuf koreen ministirootaa MM Abiyiin hoogganamu hundeeffamuu himameera. Biqiltuu dhaabuun kunis walakkeessa Adooleessaatii qabee hanga qaam'eetti akka raawwatamutu himame. Haata'u malee Adooleessi 22, 2011 Itoophiyaa guutuutti biqiltuu dhaabuun galmee addunyaa cabsuuf kaayyeefachuu odeeffannoon waajjira MM bahan ni mul'isu. Kana keessattis naannoolee gahee mataasaanii qabataniiru. Haaluma kanaanis naannoon Oromiyaa miliyoona 126, naannoon Amaaraa miliyoona 108, naannoon Kibbaa miliyoon 48, Tigiraayi miliyoona 9 akka dhaaban yaaduun iddoon adda baafamee, boolli qotamuun qophaa'u himameera. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamasaatiin qophii biqiltuuwwan mil. 3 dhaabuu kan isa dandeessiisu xumuruu Itti-aanaan Kantiibaa Injinar Taakkalaa Uumaa fuula tiwiitariitiin ibsaniiru. Guyyaa tokkicha boollawwan mil. 1.5 akka qotan eeruun, ''jaalala magaalaa keenyaaf qabnu hojii qofaan haa mullisnu,'' jechuun waamicha dabarsaniiru. Kana malees, karaa midiyaalee hawaasaatiin ''[Qaroon] biqiltuu dhaaba'' jechuun waamicha dabarsaa turan. Duula Wiixata har'aa guyyaatti biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuuf yaadameefis baajanni miliyoona 54 ramadamuu koreen teekinikaa sochiichaa qindeessu ibse. Duulawwan biqiltuu dhaabuu Obbo Mogas Warquu hojii gaggeessaa waldaa misooma naannoo Lam Itoophiyaati. Waldichi erga hundeeffame waggoota 28 kan lakkoofsise yoo ta'u, hundeessitoonni waldichaas biqiloota dhaabuun caalaa, sammuu namoorratti hojjachuun naannoo biyyattii barbadaa'ee bosonaan haguuguuf akka fayyadu amantaa cimaa qabaachu himu. Hundeessitoonni waldaa kanaa Pirezidaantii duraanii Girmaa Waldagorigiisiin dabalatee ogeeyyii damee kanaa olaanoo ta'u dubbatu. Qabeenyi bosona amma jiru turuu kan danda'e waan hawaasni naannichaa aadaa fi duudhaa bosona kunuunsuu qabuufi jedhu obbo Salamoon Kabbadaa. Obbo Salamoon Daarektara Malkaa Itoophiyaa yoo ta'an, dhaabbatichi erga hundeeffame waggoota 10 lakkofsiseera. Itti dabaluunis, beekumsa saayinsii akkuma jirutti ta'ee, beekumsa hawaasni eegumsa naannootiif fayyadamuun bu'aa damee kanaan eegamu argachuuf ni dandeessisa amantaa jedhu qabu. Hojii dhaabbanni isaanii raawwatu keessaa tokko naannoo Amaaraa, Oromiyaafi Ummattoota Kibbaatti biqiltuu dhaabuun misooma naannoo keessatti kan gaheesaa gumaachaa jiras jedhaniiru. Misooma bosonaatiin alattis ,miseensoota hawaasaa kanneen umuriin raagan fi dargaggoota waliin haala ce'umsa beekumsaa irratti hojjataa jiraachuu himu. Duulli biqiltuu dhaabuu amma gaggeefamu kunis hubannoo hawaasichaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbatu. Haa ta'u malee, adeemsa ganna dhufe darbuu biqiltuu dhaabuu kun irra deebii'amee ilaalamu qabu jedhu Obbo Salamoon. Obbo Solamoon, ''akka biyyatti kaayyoo adda bahe qabaachu qabna'' sababiinsaas adeemsi biqiltuu dhaabuu baargamoo dhaabu bira kan darbuudha'' jedhu.Keessattu ciramu mukaaf dhaabbileen ittigaafatamummaa qaban waan jiraniif, isaan hirmaachisuun barbaachisaadha jedhu. ''Duulaan biqiltuu dhaabuun waan haaraa miti'' kan jedhan ammo Obbo Kadir Yimaam Damee eegumsa naannoo Yuunivarsitii Finfinneetti barataa digrii sadaffaati . Bara sirna Dargii ta'e bara ADWUI tti biqiltuu duulaan dhaabuun baratamaa ta'ullee, xiyyeefannaan kennamu kan qabu biqiltuu dhaabaman keessaa hangamtu qabatee? kan jedhu irratti ta'u qaba jedhan. Obbo Mahaammad Idirisis yaada kana deeggaru. Isaaniinis Yunivarsitii Ambootti barsiisaa eeguma qabeenya Uumamaa yoo ta'an ammaan tanas Yunivarsitii Finfinneetti Eeegumsa biyyoorratti digrii sadaffaa barataa jiru. Akka biyyaatti rakkoolee umamaa adda addaatiif saaxilamu keenya kan himan Obbo Mahaammadis ta'e, Obbo Mogas Waldaa Lam Itoophiyaarraa, Kanaaf maddii qabeenyaan bosonaa gadi bu'usaati jedhu. Kanaafuu duula motummaan misooma magariisaa jechuun wagga waggaan gaggeessu haala gaariin ilaalu. Obbo Mahaammad, attamiin dhaabataa jiru? kan jedhuurratti sodaa qabaachuu dubbatu. Fakkeenyaaf erga barkumeetii kaafne duulaa biqiltu dhaabaa turrullee haalli bosona biyyaatti fooyyee agarsiisuu dhabu kan dubbatan Obbo Mahaammad, hir'ataa akka jiran himani. Naannoo baroota 1990 ammii bosona biyyaa heektaara 15,114,000 ture kan jedhan barsiisaan kun, bara 2000 keessa heektaara mil. 13tti hir'achuu eeruun. Bara 2010 sirumaa gara heektaara 12,000,296, bara 2018tti 12,000,147 hir'achuu dubbatu. Otoo dulli biqiltuu waggaan waggaan dhaabu hubannoo uumuu cimfamuu hammi bosonaa gadi bu'aa adeemuu jiraachuu mul'isa. Kanaafu kan dhaabne qabataa jiraa? Jechuun gaafachuun murteessaadha jedhan. Obbo Salamoon gama isaanitiin, yaada barsiisaa kanarratti walii galu. Akka ragaa motummaa Federaalaattis ammaan tana haguggiin bosona biyyatti harka15-20 ttii tilmamame barana duulli kun fiixaan yoo bahe gara harka 30tti olka'aa abdatu. Kan dhaabne akka qabatuuf.. . Adooleessa 22, 2011 biqiltuu mil 100 dhaabuuf mootummaan kaaroorsu walumaa galattis ganna kanatti biqiltu bil 4 dhaabuuf karoora ifa taasisee irratti naannooleen ni hirmaatu. Qaamoolee tokko tokkoos guyyichaan duraa qabanii biqiltuwwan wayita dhaaban midiyaalee agarsiifama jira. Duula kana fiixaan baasuufis haaldureewwan akka boolla qotanii qopheessuu, iddoo filachu, qophii bajataa fi humna namaa barbaachisuu, biqiltuwwan qopheessuufi bakkichatti geessuu, kkf gochoota dursinee yaada keessa galchu qabnuudha jedhu barsiisaan Yunivarsitii Amboo. Obbo Mogosis akkasuma hir'inni hubannoo jiraachu dubbatu. Biqiltuwwan dhaabuun bira darbamee, dhaabbileen biqiltu dhaaban lakkaa'amee yoo kennameef itti gaafatamummaa guddisuu qabu jedhu. Kanaafu haalli biqiltu dhaabu keenyaa ''kan saayinsii hordoofe, hubannoo fi qorannoo irratti hundaa'e yoo ta'e caalaa bu'aa qabaata'' kan jedhan Obbo Salamoon, bakka duraan dhaabame ture deebiisanii dhaabu fi deeggarsa ogeessaa malee dhaabuun bu'a qabeessa hin ta'u jedhu. Biqiltu yaadannoo MM duraanii Obbo Mallas Zeenaawwiif kana dura dhaabatan caalaa qabataniiru jedhu Obbo Mahaammad. ''Kunis dhabuun biqiltu osoo qaama hordofu qabaate caalaa bu'aa qabeessa '' jedhu. Biqiltuu hanga har'atti dhaabbatan haala duulaatiin waan tureef adeemsa saayinsaawaa ta'e hordofuusaanii gaaffii akka kaasu dubbatu Obbo Mahaammad. Dulaan wayita dhaabbatu biqiltuwwan ofeeggannoon bakka dhaabaman geeffamu, humni barbaachisu qophaa'usaa, mirkanaa'u qabaata jedhu. Kanneen dhaabanis hubannoo gahaa qabaachuu qabu jedhu. biqiltuu dhaabamanis haala keessaatti margan wajjiin walsimanii dhaabachuu akka qaban dubbatan. Biqiltuu biyya keessaa dhaabuun baay'ee filatamaadha kan jedhan Obbo Mohaammad, dheerinni biqiltuu fi dhukkubarraa bilisa ta'u adda baasuun, qabachuu biqiltuuf gumaata qaba jedhu. Akkasumas bakkeewwan biqiltuun dhaabamu kan hawaasni itti hin fayyadamne yoo ta'e caalaa carraan qabachuu biqiltuu dabala jedhu. Haalli baay'ina ummataa dabalaa adeemuu kunis barbaacha lafa qonnaa haaraan walqabate qonnaan bultoonni bosona gubuun gara lafa qonnaatti geeddaran jiraachuu dubbatu kanaafuu, biqiltuu dhaabuun qonnaan bultootas hirmaachisuu qaba jedhan. Baadiyyaa biyyatiitti haguugii bosonaa caala bal'achaa kan jiru lafa qonnaati kan jedhan barsiisaan kun, kuni balaa qaba jedhu. Keessattu gama kaaba biyyaatti 'magaalootatu caalaa magarisa uffate mul'ata.' Jechuun baay'ee hojjachuun akka barbaachisu himu. Dhaabbanni 'Wii forast' jedhamuu Gojjaamii fi naannoo Tigraayi keessatti bosonarratti hojjatu tokko jiraachu kaasuun, innis yaada rimee 'qonna waliin bosona gabaaf ta'u akka misoonsan (mukaalee ijjisaanii nyaataman) qonnaan bulaaf dhiyeessuun hojjata akka jiran himan. Kunis qonnaan bulaan maasaa kennuun kunuunsee, wayita ija godhatu gurgure galii irraa argachaa eegumsa naannoof akka gumaachufi jedhu. Kana malees haala dhaabbii keessatti boolla torbaan lama dura qopheessuu, biqiltu pilaastikii irraa baasuun dhaabu,hundeesaanii kan hin dachaane ta'u mirkaneessu qabna jedhani gorsu.Boolli biqiltuuf qophaa'e kan bishaan keessa hin jirre, erga dhaabne boodas bishaan akka irra hin cifne gochuun barbaachisa jedhani gorsu. Kana males sanyi biqiltuwwan dhaabbatanii faayidaa maaliif kan olan ta'u adda baasuun barbaachisaadha jedhu Obbo Salamoon. Kana baruunis bakka itti dhaabnu adda baasuuf ni gargaara jedhu. Dhugaatti karoorri MM ni milkaa'aa? Obbo Mahaammad kanarratti shakkii homaa hin qaban. Addunyaarratti aadaan wal fakkaatu jira jechuun mucaan lammii Jarmanii Filiiksiifiin Kibeyinar biqiltuu miliyoona tokko dhaabusaa, Waangaarii Maataayi Keeniyaatti bakkeewwan bosonni irraa cirame irratti biqiltuu mil. 30 dhaabuu saanii kaasuun fiixaan ni baha jedha. "Yaanni isaanii kun garuu ''haalatu murteessa'' jedhan. Obbo Mogos akka jedhaniitti, waggoota dhufan 10 keessatti biqiltu kamiitu eessa dhaabbata isaa jedhu adda baasuun osoo dhaabame caalaa bu'a qabessa akka ta'u dubbatu. Yeroo tokkoon biyyatti magariisa uwwiisuuf ka'uun dogoggoras jedhan. Wal jalaan dogongora irraa baraa osoo deemanee caalaa bu'aa qabaatas jedhu. Duula MM milkaa'aa taasisuuf qaamoolee dhimmisaa ilaaltu hunda hirmaachisuun barbaachisa kan jedhan ammo Obbo Salamoon. Biyya keenyatti duulli biqiltuu dhaabuun dhaabbileen isaan ilaallatu waliin kan wal hin qabanne kan jedhan Daarekterrichi, kun ammoo bu'a qabeessummaasaa gaaffii keessa galcha jedhu. "Biqiltuu dhaabuun invastimantii guddaa gaafata." Obbo Salamoon akka jedhanitti kaayyoo ifatti kaa'anii deemuun waan jalqaba ta'uu qabudha. "Mul'ata waloo biyyaalessaa tokko nu barbaachisa," jechuudhaan mul'ata kana milkeessuuf ammoo tarsiiimoo fi galma ifa ta'an akka barbaachisan ibsu. Sababiin mukti muramuuf inni tokko qonnaa akka ta'e eeranii, adda durummaadhaan biqiltuu dhaabuun kan irra jiraatus isuma ta'uu qaba jedhu. Qonnaa biqiltuu dhaabuu waliin sagantaa isaa yoo hin qindeesiin, akkuma hojii qonnaa bakka gara garaatti hordofnutti biqiltuu dhaabuus kanuma waliin yoo kan hin hordofne taanee carraaqqiin keenya hin milkaa'u jedhan. Abbaan qabeenyaa tokko hektaara kuma 100 nan misoomsa yoo jedhe, bosona hektaara kuma 100 mancaasa kan jedhan Obbo Salamoon , abbaan qabeenyaa kun akkamiin kan milkeessuu danda'a jedhanii gaafatu. Qonna misooma jallisii keessatti na hirmaadha, dhiqamuu biyyoon ittisa sagantaa jedhan yoo qabaate bosona misoomsuu keessatti hirmaachuu qaba jechuudhaan duula biqiltuu dhaabuu Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad taasisaa jiru bua qabeessa taasisuudhaaf wantota hojjetamuu qaban ibsu. Karaan biraatin, manca'insa bosonaatiif sababii kan ta'u humna ibsaa maddisiisuu akka ta'e kan himan Obbo Salamoon, naannoo bishaan dhimma kanaaf itti cufamanitti bosona misoomsuun akka bishaan mirgisuuf hurki akka xiqqaatu gochuu, akkasumas biyyoo gara bishaan cufameetti akka hin kuufamne hir'isuun ni danda'ama jedhu. Bishaan akka burqu gochuudhaaf ga'ee guddaa kan qabu mukeen akka ta'an eeruudhaan, pirojektoonni bishaanirraa humna omishan keessa biqiltuu dhaabuun qaama sagantaa isaanii ta'uu akka qabus ni hubachiisu. Fakkeenyaaf Gilgel Gibe III yoo fudhanne jedhan Obbo Salamoon, lafa 150km fi ol ka'insa 140m ta'erra bishaan waan kuufamuuf, bakki kun duraan bosonni kan irra ture ykn holqa ture jedhu. Hidhaa Haaromsaas yoo ta'e bakka bishaan itti kuufamu bosona ture akka Obbo Salamoon jedhanitti. "Kanaf, bakka bishaan irratti kuufamu sana naannoosaa akka bosonni jiraatu hin taasifnu taanaan bishaan nu jalaa hir'ata. Biqiltuu yoo dhaabne garuu, burqaawwaniifi maddeen bishaanii naannoorraa bishaan ni argamu. Achumaanis biyyoon gara hidhaa sanatti galus ni xiqqaata. Kana jechuun ammoo akka dhakaa tokkoon simbira lama isa jedhniidha," jedhu. Obbo Moges yaada Obbo Salamoon waliin fakkaatu qabu. Rakkoon humni ibsaa yeroo ammaa addaan ciccituu mudachaa jiru bishaan hir'achuu qofaan kan uumame osoo hin taane, hidhaawwan biyyoodhaan guutamuun ta'uu mala jedhu. Kanaaf ammoo furmaanni naanno hidhaa bishaanii hunda bosanaan uwwisuu akka barbaachisu ibsu. Akka Obbo Salamoon jedhaniitti dandiin biyya keenyaa baadiyaattis ta'e magaalaatti yeroo ijaaraman mukkeen gurguddaa jigsuudhan. Pirojektiin daandiis biqiltuu daandii bitaafi mirgaan dhaabuu sagantaa isaa keessa galfachuu qaba jedhu. Pirojektiin biraa bosona ciran keessaa kan biroon warra misooma manaatti bobba'anidha jedhu Obbo Salamoon. Gama kanaan dhaabbileen mootummaas ta'e kan dhuunfaa itti gaafatamummaa karaa qabuun hojii isaanii hojjechuu akka qaban dubbatan. Dhaabbileen dhuunfaa yeroo misoomatti/invastimantiitti bobba'an bosana mancaasuu waan danda'aniif dhaabbanni kana to'atu jiraachuu qaba akka Obbo Salamoon jedhanitti. Obbo Mohaammadis biqiltuu dhaabuun karaa dhaabbatummaa qabuun yoo gurmaa'e bosonni baadiyyaa Itoophiyaa daran akka dabaluuf gumaacha jedhan. "Kana kan to'atu ammoo waajirri tokko jiraachuu qaba." Hirmaannaa hawaasaa Obbo Mohaammad hanga ammaatti biqiltuu dhaabuu irratti rakkoon hin jiru jedhu. Erga dhaabnee booda garuu kunuunsuufi eegumsa gochuurratti dadhabbii qabna jedhu. Waggoota 10 darban keessa osoo biqiltuu dhaabnuu bosonni dabaluu dhiisee hir'achaa deemuun kunuunsuu irratti rakkoo akka qabnu agarsiisas jedhu. "Biqiltu jechuun ilmoo jechuudha; kanaaf akka guddattuuf waggoota sadiif hordofanii kunuunsuun akka guddatu gochu barbaada." Obbo Mohaammad akka jedhanitti biqiltuu dhaabne waggaa sadiif hordofnee sirriitti kunuunsuun akka guddatu hin taasifnu taanaan, humnaafi qabeenya guddaa irratti baasne fayyuma ta'a jedhu. Obbo Salamoon sochii ammaa kanaaf akka tilmaama tokko tokkootti baasii Dolaara miliyoona 548 ykn Birrii Biliyoona 16tti siqu barbaada jedhan akka jiru ibsanii, "baajanni kana hundaaf jiraa?" jedhanii gaafatu. Ba'aa mootummaa kan ta'e baajata kana hir'isuudhaaf, biqiltuu dhaabuu kana keessatti dhaabbileen mootummaafi dhuunfaa gara garaa dammaqinsaan hirmaachuu akka qabanis ni dubbatu. Gama biraan ammoo yeroo misooma bosonaa gaggeessinu kanatti kan hawaasaaf bu'aa buusu ykn galii fidu yoo xiyyeeffanne, hawasni bu'aa ofiif jedhee akka kunuunsuuf kaka'u taasisa jedhu Obbo Salamoon. Obbo Mohaamman ammoo gamasaaniitiin biqiltuuwwan dhaabne hunda waggaa sadiif kunuunsuu danda'uun baasii guddaa dhimma kanarratti bahee, kan humnaafi qabeenyaa dabalatee, akka bilaasha hin taane godha jedhan. Obbo Mogasiifi Obbo Kadiir gama isaaniitiin hirmaannaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti ga'ee dhaabbileen amantaa qaban dagatamuu hin qabu jedhu. Dhaabbileen amanataa barsiisa isaanii keessattis ta'e muuxanoo hanga ammaatti qaban biqiltuu kunuunsuun, keessattuu biqiltoota biyya keessaa tursiisuudhaan beekamoo waan ta'aniif isaan waliin hojjechuun kunuunsa walitti fufinsa qabu akka jiraatuu ni gumaacha jedhan.
oduu-45757349
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45757349
Barnoota hidhamtoota Keeniyaatiif carraa lammataa uumaa jiru
"Yeroon mana amala sirreessaa kana dhufu waa'ee kompiitara hin beekuun ture. Amma garuu, waan fedhe hojjechuu nan danda'a. Kompiitara siif uumuu nan danda'a yoo feete," jetti dubartii Dorkaas jedhamtu mana amala sirreessaa Keenyaa keessa jirtu tokko.
Dubartoonni mana amala sirreessaa eeggumsa cimaa Laangaataa Keeniyaa magaalaa Naayroobii keessa jiran carraa hegeree isaanii akka jijjiiran abdii qabu Doorkas dubartii umrii waggaa afurtamii-afuriiti. Meeshaa Kompiitarri akka hojjetu taasisu Siipiiyuu (Central processing unit) kompiitara qabeenya mana sirreessaa tokko addaan hiiktee faayidaa meeshaalee elektirikaa kompiitaricha keessaa michuuwwan ishii haaraadhaaf ibsiti. Doorkas sirreeffamtoota seeraa mana amala sirreessaa eeggumsa cimaa Laangaataa laakkofsaan dhibba-shan caalan keessaa ishii tokko. Manni amala sirreessaa dubartootaa magaalaa guddoo Keeniyaa Naayroobii keessa jiru isa kana qofa. Sirreeffamtoonni muraasni hidhaan hanga waggaa lamaa kan itti murtaa'eef meeshaaleefi omishoota adda addaa kan akka lawuuzii yookaan ocholoonii fa'a qarqara daandii irratti otoo gurguran too'annaa jala waan oolaniif. Kanneen biroo ammoo yakkoota gurguddoo akka ajjeechaa, saamichaafi hookkara keessatti hirmaatan jechuun himatamanii hidhaan umrii guutuu warra itti murtaayeedha. Yakki isaanii yakka gosa kamiiyyuu ta'us, qorannoon istaatistiksii Manneen Amala Sirreessaa Keeniyaa bara 2014 bahe akka ibsutti, sirreeffamtoota hundumaa keessaa dhibbeentaan jaatamaa hanga saddeettamaa yoo gadi lakkifamanis kanneen yakka hojjetanii deebi'anii mana sirreessaa galaniidha. Agree Mokaayaa teeknoolojii fayyadamuun namoota bayyanachiisuuf Dhaabbata Cheenj Hab jedhamu kan hundeesseedha Agree Mokaayaa dargaggeessa umrii waaggaa soddomii-tokkooti. Kutaa mana amala sirreessaa tokko fuuldura dhaabbateera. Sirreeffamtoonni kompiitaroota marsanii koodii walxaxaa iskiriinii kompiitaraa gurraacha irratti barreessu. Inni teeknoolojii sagantaa bayyanachiisuu irratti xiyyeeffatee hojjetu Cheenj Hab(Change Hub) jedhamu nama hundeesseedha. Yuunivarsiitii Qonnaa Joomoo Keeniyaataa keessatti ammoo barattoota deeggaruuf barsiisaa (tutorial fellow) ta'ee hojjeta. "Dhimmichi dhimma namootaaf carraa lammaffaa kennuuti," jedhe. "Dhimmichi faayidaa isaan kanaan dura diinagdee keessaa otoo hin argatiin turan diinagdee keessa galanii akka argatan carraa kennuufi kan ilaallatuudha." Cheenj Hab, koodiingii hojjechuu fi marsariitii (website) uumuu irraa hanga kompiitara suphuutti dubartoota kanneen barsiisa. Teeknoolojii akka baran gochuun kuni Keeniyaa keessatti sirreeffamtoonni mana amala sirreessaatii bahanis yeroo biroo yakka hojjetanii sadarkaa gara mana amala sirreessaa ittiin deebi'an ni xiqqeessa jedhee amana Agreen. "Namni kanaan dura itti murtaayee hidhamee bahee fi kan kanaan dura gonkumaa yakka rawwatee hin beeknes, ija seeraatiin lameenuu tokkuma," jedhe. "Kanaafuu, ija diinagdeetiin, ija hojii uumuufi ija carraatiinis akka tokkotti ilaalamuu qabu jedheen yaada". Sirreeffamtoonni seeraa ogummaa heddu baratu "Waan isaan ofiif hojjetachuu danda'an keessa akka hin galle carraafi hiree yoo dhoowwanne, akka isaan hin milkoofneef daandii kan mijjeessine nuyi jechuudha." Doorkas forjidii hojjechuun himatamtee hidhaan waaggaa sadii itti murtaawee ture. Waggaa tokkoo fi ji'a jaha erga hidhamte booda Onkoloolessa bara 2018 kana keessa ni baati. "Abbaan manaa koo narraa du'eera. Ijoollee shan qaba. Kanaaf,anaaf wanti guddaan gara ijoollee sanneenii deebi'ee deemuu caalu hin jiru,"jette. Hojii daldalaa ishii haaraa uffataa tolchuu (New dress making business) yeroo mana amala sirreessaatii baatu jalqabuuf yaaddeef qaata marsariitii (website) uumatte. "Waan konkolaataa hin qabneef jecha dhukkee yookiin awwaara keessa asii fi achi abadan lafoo hin deemu," jechuun dubbatte. "Kuni jiruu koo ni jijjiira.Yeroo fi maallaqas ni qusadha.". Akka Abokaatoon Mana Murtii Olaanaa Achiyeeng Oreeroo (Achieng Orero) jettutti, sirni haqaa Keeniyaa, bayyanachiisuu caalaa baay'innaan adabbii irratti kan xiyyeeffatuudha. Kanaaf jecha haalli kun geeddaramuu qaba. Rahaab Niyaawiiraa keekii ofii hojjette waliin "Carraaqqiin tokkummaa fi hubannoo gahaa bu'ureeffate sirreeffamtoota seeraa bayyanachiisuuf taasifamaa jira jedhee hin yaadu," jette. "Hojii bayyanachiisuu itti eda'uu yoo hin taane ammoo ilaalcha adabbii bu'ureeffate irraa fagaachuun baayyee barbaachisaa dha. Sababni isaa immoo; hammamuu turus namoonni mana amala sirreessaa turan bahuun hin hafu waan tayeef, haala kanaan deeggaruudhaan namoota hawaasa isaaniitiif baay'ee fayyadan akka ta'an ijaaruu fi cimsuun dansaa waan ta'eefi." Magaalaa Naayroobii bakka wayiitti, alwada yookiin kushiinaa xinnoo ho'ituu keessatti dubartiin umrii waggaa soddomii-shanii Rahaab Niyaawiiraa of eeggannoon keekii mi'aawaa kireemiin irra dibame hojjetti. Sababa saamicha humnaatiin himatamtee erga itti murtaa'e booda waggoota jahaaf mana sirreessaa Laangaataa keessa turtee bara darbe gadi lakkifamte. "Wanti fokkisaan mana amala sirreessaatiin wal madaalchisuu dandeettu tokkollee hin jiru.Manni amala sirreessaa bakkee hamaa eenyullee seenuu hin malleedha. Garuu,anaaf iddoo itti of hubadhee kallattii jijjiiramaa itti qalbeeffadhe naaf ta'eera," jette. Rahaab amma daldala nyaata tolchuu(baking business) qabdi. Intala ishii fi ilmaan ishii lameen gara kaampaanichaa fiduuf karoora qabdi. "Marsariitiin koo,daldala kootiif humna olaanaa (superpower) naaf ta'eera jechuu ni danda'a. Keeniyaa keessatti essattiyyuu maamiltootaa haaraan toora intarneetii irratti akka walqunnamu na gargaareera." jette seeqachaa. Marsariitii ishii kan uumatte waytii mana amala sirreessaa turteedha. "Karaa Cheenji Habiitiin wantoota heddu baradheera. Akkaataa fayyadama kompiitaraa kanneen akka HTML, CSS fi Jaavaa iskiriiptii (Javascript) fa'a irratti beekumsa argadhee jira. Marsariitii kootiif wantoota hundumaa ofii kootii koodii isaa hojjedhe." "Amma wogguu mucayyoon too akkanatti na argitu,baay'ee booninsi natti dhagahama." Teeknoolojii kanaan walbaruun kuni yeroo dubartoonni mana amala sirreessaatii gadi lakkifaman jireenya isaanii bu'urarraa akka jijjiiruu danda'u amana, Agreey. "Teeknoolojiin walqabatees garaagarummaan koorniyaa jidduu ni jira," jedhe dubartoota sirreeffamtoota seera irratti maaliif akka xiyyeeffate wayta gaafatametti. "Jireenyaa dubartii takkaa fooyyessuu irratti dhiibbaa fiduu danda'e taanaan, miiraa dammaqiinsaa dadammaqsuudha garaagarummaa fiduudha jechuudha. Ijoolleen ishiis daa'imummaadhaan pirogiraamiingiidhaan akka wal baraniif carraa bayeessa ta'a." Itti fufiinsa isaa Agreey Dubartoota sirreeffamtoota seeraa Keeniyaa tilmaamaan kuma saddeet ta'an dhaqqabee fayyadamtoota gochuuf jecha Cheenj Habiin babal'isuuf madda maallaqaa barbaadaa jira. Hanga ammaatti sirreeffamtoonni seeraa diigdamii-tokko mana amala sirreessaa Laangaataa keessatti barnoota sagantaa isaa kana keessa darbaniiru. Kaampaaniiwwan sirreeffamtoonni seeraa koodii akka hojjetanii fi piriintaroota garsadee(3D) fayyadamuun wantoota adda Sana booda,Cheenj Habii gara manneen amala sirreessaa biyyattii mara keessaan gahuufis yaada qaba. "Pirojektii teeknoolojii irratti hojjechuu akka barbaaddu yeroo ati dubbattu,namni martuu 'maaliif mana amala sirreessaa dhiirotaa yookiin mana amala sirreessaa daa'immanii bira hin deemne?' siin jedhu. "Anis erga dhageeffadhe booda,sirriidha barbaachisaadha ,garuu kan dursi kennamuufii qabuu otoo hin taane sadarkaa lammaffaadha jedhaan.Mana Amala Sirreessaa dubartootaa keessatti takkaa waan milkaawaa hojjechuu dandeenyaan,isaan kaan bira ni geenya." Qophiin BBC kuni deeggarsa maallaqaa Faawundeeshinii Biiliifi Meeliindaa Geetisiin hojjetame.
oduu-56616209
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56616209
Lola Tigraay: Itoophiyaan siyaasa hunda hammate mirkaneessuun hookkara hambisuu qabdi- biyyoota G7
Gareen biyyoota addunyaarratti jajjaboo ta'an kanneen akka Kanaadaa, Firaans, Jarmanii, Italii, Jappaan, UK fi US akkasumas bakka buu'onni Gamtaa Awurooppaa irraa ijaarame, G7 jedhamu, Itoophiyaa keessatti hookkarri lammiilee nagaa dhowwaa jiru dhaabbatee adeemsi siyaasaa dantaa lammiilee biyyattii hundaa keessummeessu mirkanaa'uu qaba jedhe.
Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensota garee kanaa haala naannoo Tigraay fi nageenya Itoophiyaarratti ibsa baasan keessatti yaaddoo akka qaban ibsaniiru. Dhiittaan mirga namoomaa, ajjeechaan lammiilee nagaa fi sarbamiinsi seera namoomaa idil-addunyaa(international humanitarian law) naannoo Tigraay keessatti raawwataa jiru akkaan nu dhiphisa jedhan ministiroonni kunneen. Ajjeechaa lammiilee nagaa, yakka saalquunnamtiin walqabatuu fi haleellaan jumlaan raawwatamu akkasumas buqqaatii lammiilee daran akka balaaleffatan ibsaniiru qondaaltonni kunneen. Kanneen waldhibanii gara lolaatti seenan hunduu gocha kanarraa of qusachuu akka qaban, nagneeyi lammiilee akka eegamu, mirgi namoomaa akka hin sarbamnee fi seerri idil-addunyaa akka kabajamu gaafataniiru. Dhiyeenya kana mootummaan Itoophiyaa qaamoleen yakka raawwatan akka itti gaafatamaniif kutannoo agarsiises galaffatateera gareen kun. Garuu waadaan seenaname hatattamaan gara hojii qabatamaatti geeddaramuu qaba jedhan. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa jaarmiyaa mirga namoomaa UN(OHCHR) waliin ta'uun qorannoo walabaa gaggeessuufi mootummaan Itoophiyaa tumsuuf waadaa seenuu akka hojii mishaatti ilaalla jedhan gareen kun. Jaarmiyaaleen kunneen hatattamaan qaama yakka uummatarratti raawwate seeraan gaafachuu qabus jedheera. MM Itoophiyaa Abiy Ahmad loltoonni Eertiraa Tigraay gadi dhiisanii akka ba'an waadaa seenuusaanii kan galateeffate gareen kun garuu kun haalduree tokko malee saffisaan raawwatamuu qaba jedheera. Hookkarri Itoophiyaa keessa jiru dhaabbatee, siyaasi lammiilee biyyattii hunda hammate, kanneen Tigraay keessa jiran dabalatee, mirkanaa'uu qaba jedha gareen kun. Yoo akkas ta'e filannoon dhufus amanaa ta'a, araarris biyyattii keessatti bu'a jedheera. Nuti biyyoonni G7 namoota deggersa barbaadan ni gargaarra, dhiittaan mirga namoomaa raawwatame akka qoratamus tumsa ni goona jedheera gareen kun ibsa baaseen.
oduu-55431524
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55431524
Ajjeechaa Beenishaangul Gumuz: Reeffi namoota 171 ganda Bakujjiitti jumlaan awwaalame
Naannoo Beenishaangul Gumuuz godina Matakkal aanaa Buulan ganda Bekujjii jedhamtuutti haleellaa Roobii darbe barii hidhattoonni namoota nagaa irratti raawwataniin namootni ajjeefaman bakka tokkotti awwaalaman.
Awwalcha jumlaa namoota haleellaa Kibxataan ajjeefamanii Guyyaa Kamisa kaleessaa ganda Bekuujjiitti reeffi namoota 171 bakka tokkotti awwaalamuu hoogganaan kominikeeshinii aadaa, Turizimiifi Ispoortii aanaa Buulaan obbo Kaasaahuun Addisuu BBC'tti himaniiru. Dabalataan namootni shantama ta'an mana keessa osoo jiranii ibiddi itti qabsiifamee waan ajjeefamaniif reeffi isaanii hin argamnee jedhan. Kanneen osoo baqatanii bosona keessatti ajjeefamanii reeffi isaanii amallee barbaadamaa jiraa jedhan. Hanga ammaatti haleellaa kanaan lubbuun namoota 207 darbuu obbo Kaasaahuun himaniiru. Namootni jumlaan ganda haleellaan kun raawwatametti awwaalaman hordoftoota amantaa Ortodoksii, Islaamaafi Pirotestaantii ta'uullee dubbatan. Dureewwan amantaalee sadaniifi jaarsoliin biyyaa mariisifamanii namoota ajjeefaman kanaaf yaadannoon akka hojjetamuuf jecha waliigalteerra gahamuun bakka tokkotti awwaalamuus ibsan. ''Bifa namaa bu'uureffachuun haleellaa raawwatame Kanaan dhalattootni Amaaraa 81, kan Shinaashaa 50, kan Agawuu 36, kan Oromoo 40'' jedhan. Haleellaa Roobii barii irraa eegalee raawwatame Kanaan rifachuun namootni hedduun gandoota baadiyyaarraa gara magaala aanaatti horii ooffachaa baqachaa akka jiranis aanga'aan kun dabalanii ibsaniiru. ''Taateen kun erga raawwatee jiraattootni gandoota ollaa gara gidduugala aanaatti dhufaa jiru. Namniifi horiin lakkoofsi guddaan gara gidduugalaatti seenaa jira dhugaadha. Sababni isaas ammallee muddamni jira.'' ''Cilaanqoo, Addisaalam, Doobbii, Goongoo fi Gishbaaboo jedhaman irraa soda haleellaan walfakkaataan nurra gaha jedhuun baqachaa akka jiran'' dubbatan. Gama kaaniin raayyaan ittisa biyyaa qaamolee haleellaa kana raawwatan adamsuuf naannoolee garaagaraa keessatti socho'aa akka jiru himan. Namoota qe'ee isaanii gadhiisanii baqachaa jiran kanaaf deeggarsi namoomaa Kanaan dura rakkoo uumamee tureef ergamerraa hafe akkasumas deeggarsi hawaasni naannichaa waan nyaataa fi maallaqaan gumaachuun dabalamee dhiyaachaa akka jirullee himan. Haata'u malee deeggarsi kun gahaa akka hin taane dubbatan. Rakkoo Kanaan namootni gandoota 6fi 7 irraa buqqa'aa waan jiraniif deeggarsa gahaa kennuun rakkisaa akka ta'e obbo Kaasaahuun dabalanii ibsaniiru. Godina Matakkal ganda Bakujjiiitti wanti ta'e maali? Roobii barii qaamoleen hiidhatan Godina Matakkal aanaa Buulan ganda Bakujjii jedhamu kan uummatni harka hedduun dhalattoota naannoo biraa ta'an irrattii haleellaa raawwatan. Komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi Amnastii Intarnaashinaal lakkoofsi namoota ajjeefamanii 100 ol akka ta'u beeksisaniiru. Daa'imman, haadholii fi maguddootni kanneen ajjeefaman keessatti argamu. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haleellaa kanaan lubbuun namoota 100 olii darbuu himee kunis naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti haalli eegumsa mirga namoomaa haalaa olaanaan dadhabaa adeemuu kan agariisudha jedhe. Ajjeechaa fi miidhaan kunis halkan sa'aatii 10tti wayita namoonni hiriibara turaniitti qaamoolee hidhataniin mana guubuufi dhukaasaan akka qaqqabee mirkaneeffachu komishinichi ibseera. Dabalataan dhaabbatni Aminestii Internaashinaal ''haleellaan suukaneessaan kun saba Amaaraa, Oromoo, fi Shinaashaa irratti raawwate jedhe. Mootummaan Itoophiyaa haleellaa saba lakkoofsaan xiqqaa naanno Benishaalgul keessa jiratan irratti raawwatu hatattamaan dhaabsisuu qaba '' jedhe. Aminestiin namoota shan lubbuun oolan irraa bilbilaan dubbisee akkaataatti hidhattootni saba Gumuz tahan haleellaa dhaaqbsiisan odeeffadhera jedhe. Hidhattootni ajjeechi raawwatan mana jiraattotaatti abidda kaa'uun sana booda rasaasaa fi waraanaan ajjeesaa turuu namootni dubbisne himan jedhe dhaabbatichi. Lakkoofsi namoota du'aniis dabaluu akka danda'u eeree haleellaa kana irratti qorannoon hatattamaa gaggeeffamuu qaba jedhe. Qaamni kana raawwates seeraan gaafatamuu qaba jedhe Aminestii Internaashinaal. Itti gaafatamaan Kominikeeshinii naannichaa Obbo Mallasa Bayyana gama isaanitiin namoonni miidhaan irra gahee lakkoofsaan kaa'uun dadhabamulleen lakkoofsaan ''olaanaa'' akka ta'ee BBCtti himanii turan. Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad haleellaa dhaqqabeen akka gaddan Kamisa ganama ibsaniiru. "Lammiilee keenya iratti gochaa namummaan alaa raawwate na gaddisiiseera. Rakkinicha kallattii garaagaraan furuuf yaallee bu'aa barbaadamu hin argamsiifne,'' jechuun fuula tiwiitera isaanii irratti barreessan. Kana malees BBC'n jiraattootaa fi oggeessoota fayyaa hospitaala naannichatti argaman wayita dubbiseetti, namoonni 120 akka ajeefamanii fi kaan hedduun miidhaan irra qaqqabuu dubbatanii ture. Motummaan Naannoo Beenishaangul Gumuz gama isaatiin aanga'oota shan kan rakkoo nageenyaa umamee kana keessaa harka qabu jechuun shakkee to'anaa jala oolchuu sab-qunnamtii naannichaatiin beeksiiseera. Aanga'oota to'annoo jala oolfaman keessaa deetaa ministira damee Ministireera Hojjataafi Hawaasummaa Motummaa Federaalaa kan turan Obbo Tomaas Kuwii, Pirezidaantii naannichaa duraanii Obbo Shifaraa Caliiboo, Daarektara eejjansii Saayinsiifi Teknolojii naannichaa duraanii, Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhiinaa Godina Matakal Obbo Baandiingi Maaraa akkasumas aanga'aa Godina Matakal duraanii kan turan Obbo Aragaa Baalbiid ta'u ibseera. Gandi Bakujii magaalaa aanaa Buulan irraa fageenya km 90 irratti kan argamtu yoo taatu, saba Oromoo, Amaaraa fi Shinaashaatu keessa jiraata. Wayita ajjeechaan kun raawwate ganndicha keessa poolisiin ykn humni nageenyaa ramadame akka hin turree hordoffii taasifameen hubanneera jedhe komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa. Hanga haalicha qulleeffateetti hospitaala Buulan keessatti namoonni rasaasaafi xiyyaan miidhaan irra gahee 36 deeggarsa argachu mirkaneessuu ibse. Miidhaa namootarra gahee kanaan alattis oomishni gahe ooyiruu irraa walitti qabaman gubachu akka mirkaneeffate hima. Kana malees gandoota Calaanqoofi Doosheetti manneen gubachaa akka jiran komishinichi ragaa argachu himuun, Aanaa Dibaaxee ganda Donbanii ammoo jiraattoonni sodaadhaan qe'eesaanii gadhiisanii Muddee 23, 2020 baqachaa akka jiran ibseera. Komishinichi akka jedheetti raayyaa ittisaa naannichaitti ramadamee ture aanga'oota feederaalaa fi naannichaa dabaaluun naannichaa bahuusaanii hordofuuni haleellaa kun raawwachuusaa qulqulleeffachu hime. Komishinichi namoota miidhaan irra gahee irraa akka odeeffateetti, irra jireessi haleellaa kanaan miidhaman dhalattoota Shinaashaati. Kana dura haleellaa kan raawwatan namoota 'bosonaa' dhufaniin yoo ta'u, amma garuu 'kanneen maqaafi bifaan beekanii' jiraattoota aanaa Bakujii osoo hin hafne keessatti hirmaachu kanneen lubbuun hafan ni ibsu. Haleellaawwan Beenshaangul Gumuuz keessatti irra dedeebiin raawwatamaniifi haala sarbama mirgoota namoomaa naannichaa ilaalchise mootumaan naannoofi federaalaa xiyyeeffannaa addaa akka taasisuuf akeekkachisuu kan yaadate komishinichi, haa ta'u malee haalichi caalaa itti cimaa dhufuu hima Komishinichi. Namoota miidhaan irra gaheefi kanneen buqa'aniif deeggarsi wallaansaafi namoomaa akka taasifamuuf Komishanichi gaafateera. Kana malees haallichi sirriitti qoratamuun qaamooleen haleelicha keessatti haala garaa garaatiin gahee qabaniif kanneen gaheesaanii haalaan hin bahiin atattamaan seeratti dhiyeessuu akka eegaluuf komishinarichi akeekachiseera. Akkasumas humniifi caasaan nageenyaa naannichatti argamu haala gutummaatti nageenya lammiilee mirkanneessuun haala atatamaatiin akka cimfamuuf waamicha dhiyeesseera. Haleelaawwan kanaan dura irra dedeebiin naannichatti qaqabaniif ''farreen nageenyaa'' jechuun ibsuun alatti aanga'oota naannichaatti ifatti kan jedhamu hin turre. Akkasumas hidhattoota haleellaa keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii fudhatamuun yeroo garaa garaatti gabaafamuun ni yaadatama. Miidhaa irra dedeebiin naannichatti namoota nagaarra gahu kana to'achuuf dhuma bara darbeetti komaandi poostiin miseensoota raayyaa ittisa motummaan federaalaa fi qaamoolee nageenya naannichaa hammate ijaaramunsaa ni yaadatama. Haa ta'u malee haleellaan lubbuu namoota nagaa galaafatu kun akkuma itti fufeetti jira. Haleellaan tibbana raawwatameefi badinsa lubbuu namoota hedduutiif sababa ta'e kunis haleellaawwan naannichatti raawwataman hunda caalaa hamaa ta'utuu himame.
oduu-43137735
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43137735
Namoonni hedduun Ministira Muummee Itoophiyaa ni ta'a kan jedhan eeraa jiru
Torban darbee seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti eddoo olaanaa qabateera. Jalqaba torbanichaa irratti mormiin lagannaa gabaa olaanaan gutuu Oromiyaatti gaggeefameera. Ittaansee ammoo oggantoonni paartiilee siyaasaa, himatamtoonni siyaasafi gaazexessitoonni gadhiifamaniiru.
Gara dhuma torbanichaatti ammo ministirri muummichaa biyyatti aangoo gadhiisuuf gaafachuun isaanii dinqisiifamee osuma hin xumuramiin, labsiin yeroo muddamaa labsameera. Kanatti aansees ministira muummicha gadhiisan eenyutu bakka bu'a gaaffiin jedhuus mataduree marii olaanaa ta'eera. Baay'eenis nama ta'uu qaba jedhan miidiyaalee hawaasaa irratti eeraa turaniiru. Heerri mootummaa biyyattii keewwata 73 (1) irratti waa'ee ministira muummichaa ilaalchisee akka kaa'eetti, ministirri muummichaa mana maree bakka bu'ootaa keessaa filatama. Namni filatamuuf yaadame miseensa mana maree kan hin taane yoo ta'e ammoo, manni maree filannoo ittiin guuttachuu akka gaggeessu erga taasifameen booda namni kaadhimamaan sun akka filannoo ittiin guttachuutiin miseensa mana maree ta'u filatamu qabaata. Filannoon ittiin guuttachuus sababii nuuf yaa bu'utiin ykn kamiiniyyuu sadaarkaalee teessoo miseensa mana maree hiratan guttachuuf kan gaggeefamu jechuudha. Namni ministira muummichaa bakka bu'uuf filatamu miseensa mana maree yoo ta'e garuu, haaluma adeemsa ADWUI barameetiin gumiin dhaabaa erga gaggeefameen booda dura taa'aan filatama. Isaan booda dura taa'aa filatame mana maree bakka bu'otaatti dhiyeessuun akka ragaasifamu taasifama. Tibba kanas midiyaalee fi midiyaalee hawaasaatiin maqaawwan irra deddeebiin ministira muummichaa ni ta'u jedhanii eeraman muraasni jiru. Namoonni kunniin eenyuu fa'ii? Dr Abiyi Ahimad Dr Abiyi Ahimad kan dhalatan Jimmaa magaalaa Aggaarootti. Umuriin jalqaba waggoota 40n irratti akka argaman kan dubbatamu Dr Abiyi, digrii isaanii jalqabaa bara 2001tti Kompitar Injinariingiin kan argatan yoo ta'u, bara 2005tti ammoo poost adivaansiid diippiloomaa gosa barnootaa 'Cryptology' yookiin aartii barreessama koodiiwwaniin Yunivarsiitii biyya Afrikaa Kibbaatti argamu irraa argataniiru. Digrii lammaffaa (MA) isaanii 'Transformational Transformation and Change with Merit' yunivarsitii Landanitti argamu Giriinwiichirraa bara 2011tti argataniiru. Kana malees, yunivarsitii Liidstaar Ashlaand irra maastars of Biiznas Administireeshiin (MBA) bara 2013tti argataniiru. Akkasumas, Dr Abiyi bara 2017tti muummee qorannoowwan Nageenyaafi Tasgabbii ( peace and security studies ) barnoota isaanii sadarkaa doktorummaa (PhD) yunivarsiitii Finfinnee irraa argataniiru. Dr Abiyi jalqaba bara 1980moota keessa akka DHDUOtti makaman kan himamu yoo ta'u, hirmaannaa siyaasaan alattis gama loltummaan sadarkaa leetanaal kolenelummaa qabu. Ergama dhaabbata biyyoota gamtoomanitin tasgabbii fi nageenya buusuuf gara biyya ruwaandaatti dulaniiru. Bara 2000-2003tti ammoo Ejansii Nageenya odeeffannoo hundeessuun, sadarkaa daarektarumaatiin tajaajilaniiru. Isaan boodas Ministeera Saayinsiif Teknoologii ta'uun hojataniiru. Bara 2002 irraa kaasee miseensa koree jiddugaleessaa DHDUO ta'uun, bara 2007 irraa kaasee ammoo miseensa koree hojii raawwachiftuu ta'uun tajaajilaniiru. Akkasumas waggoota sadan darbaniif miseensa koree hojii raawwachiftuu ADWUI ta'uun hojachaa jiru. Dr Abiyi wayita ammaa kanatti itti gaafatamaa waajira Jiddugala OPDO fi miseensa mana maree bakka bu'oota ummataati. Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el Dr Dabratsiyoon Gabra mikaa'el naannoo Tigraayi aanaa Shireetti dhalatan. yunivarsitii finfinnee galmaa'an illeen adda kutuun gara qabsootti makamaniiru. Tibba qabsootti gara biyya Xaaliyaanii deemuun leenjii teknoloojii quunnamtii kan fudhatan yoo ta'u, bara 1972tti buufata raadiyoo sagalee Wayyaanee hundeessan. Erga ADWUIn taayitaa qabateen boodas obbo Kinfe Gabramadihiin bakka bu'uun waajjira nageenyaa oggananiiru. Isaan boodas barnoota isaanii adda kutan itti fufuun digrii jalqabaafi lammaffaa Elektirikaal injinariingiin fudhataniiru. Digrii doktarummaa isaanis yunivarsitii Landanii Infoormeeshin Teeknoologiin argataniiru. Bara 1998 irraa kaasee Ejansii Misooma Komunikeeshii Odeeffannootti Dayirektara olaanaa ta'uun kan tajaajilaniifi sadarkaa ministira mummeetiin qindeessaa kilaasitaraa ta'uun hojataniiru. Wayita ammaa kanattis dura ta'aa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tiraayi fi ittaanaa pirezidaantii naannichaati. Itti dabaluunis, Ministira Komunikeeshinii Odeeffannoo ta'uun tajaajilaa jiru. Dr. Dabratsiyoon yeroo ammaa miseensa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataati. Dammaqa Makonniin Bara 1980tti dame barnoota Baayooloojitiin yunivarsitii Finfinneerraa digrii jalqabaa argatan. Ittansuunis digiriisaanii lammaffaa Koonfilikt rizolushin (haala hiikuu walitti bu'iinsaatiin) argatan. Jalqaba bara 1980 akka ADWUI tti makaman kan himamuuf obbo Dammaqaan, waggoota muraasaan booda ammo filatamaa mana maree naannoo Amaaraa ta'anii ture. Bara 1997tti ammo ittaanaa pirezidaantii naannoo Amaaraa ta'uun kan falataman Obbo Dammaqaan, achiinis miseensa koree hojii raawwachiftuu Warraaqsa Dimokraasii Saba Amaraa (WDSA)ta'uun fiatamaniiru. Obbo Dammaqaan dura ta'aa WDSA yoo ta'an yeroo bara 2005tti ittaanaa dura taa'aa ADWUI ta'un filatamanii kaasees sadarkaa ittaanaa ministira mumichaatiin tajaajilaa jiru. Barsiisaan duraan kunis osoo gara taayitaa amma irra jiraniitti hindhufiin dura ministira barnootaa ta'unis tajaajilaniiru. Obbo Dammaqaa Makoonnin miseensa mana maree ummataati. Obbo Lammaa Magarsaa Obbo Lammaa Magarsaa dura ta'aa dhabbata Dimokraasummaa Ummata Oromoo (DHDUO) fi pirezidaantii naannichaati. Umuriidhaan kan jalqaba waggota 40 irratti argaman Obbo Lammaan, dhalatanii kan guddatan godina Wallagaa Bahaatti. Gama barnootaatiinis digiriisaanii jalaqabaafi kan lammaaffaa yunivarsiitii Finfinneettii muummee barnoota saayinsii siyaasaafi walqunnamtii addunyaatiin(political science and International relations) argataniiru. Obbo Lammaan pirezidaantii Naannoo Oromiyaafi dura ta'aa DHDUO ta'uun kan mudaman wayita mormiin ummataa olaanaan naannicha ka'e waggoota lamaan dura ture. Obboo Lammaan jalqaba bara 1980tti gara dhaaba DHDUOtti akka dabalaman kan dubbatamu yoo ta'u, osoo pirezidaantii naannichaa hinta'iin duras dubbii himaa mana maree naanichaa-Caffee ta'uun hojataniiru. Obbo Lammaan miseensa mana maree Caffee yoo ta'an, miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa akka hintaane ragaaleen ni mul'isu. Dr Warqinaa Gabayyoo Dr. Warqiinaa Gabayyoo ittaanaa dura ta'aa OPDOfi minisitira ajaa alaa biyyattiiti. Digriisaanii jalaqabaafi kan lammaaffaa yunivarstii Finfinneetii dame barnoota saayinsii siyaasaafi walqunnamtii addunyaatiin argataniiru. Waggoota lamaan duras yunivarsitii Afriikaa Kibbaa tokko irraa digrii doktarummaa fudhataniiru. Jalqaba bara 1960 akka dhalatan kan dubbatamu Dr Warqinaan, baraa dheeraadhaaf komishiinii poolisii federaalaa ta'uun hojataniiru. Bara 2004 irraa kaasee ammo ministira geejjibaa ta'uun waggota afuriif tajaajilaniiru. Akkasumas jalaqaba bara 1980 kaasuun miseensa PDO kan ta'an Dr Warqinaan, bara 2004 kaasee miseensa koree hojii raawwachiiftuu OPDOfi ADWUI ta'uun hojachaa jiru. Wayita ammaa kanattis miseensa mana maree Magaalaa Finfinnee malee kan mana maree bakka bu'oota ummtaa akka hintaanees regaaleen ni mul'isu. Maddi: BBC Monitoring and Historical Archives
oduu-57182112
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57182112
Gaaddidduun Addeessaa maali, akkamiin uumama?
Gaaddidduun Addeessaa taatee astiroonoomii bareedaadha. Dameen turiizimii namoota waan akkasii ilaaluu fedhaniif haala mijeessu jiraachuunsaas kanumaaf.
Gaaddidduun Addeessaa kanaan dura yeroo gara garaatti kan uumame yoo ta'u, kan itti aanu gaafa Caamsaa 26 2021 mul'ata. Gaaddidduun Addeessaa kun yeroo Dacheen/Lafti Aduufi Addeessa giduu taatudha. Kana irraa kan ka'een ifti Addeessi Aduu irraa argatu ni gaaddisaa'aa. Eeshiyaa, Awustiraaliyaa, Garba Paasifiik fi Ameerikaa lamaanirra ji’aafi aduun guutummaatti walirra bu’u. Kunis gosoota gaadidda’uu Addessaa/Ji'aa hedduu jiran keessaa tokkodha. "Walumaagalatti gosoota gaadidduu lamatu jira: kan Ji’aa/Adeessaafi kan Aduu,’’ jedha barreessaan kitaaba ‘‘Illustrated Astronomy’’ Huwaan Kaarloos Beyaamiin. Garuummoo, jedha barreessaan kun: ‘‘Gosti sadaffaan urjiiwwan lama of keessatti hammatus jira.’’ Gosoonni gaaddidduu sadaniifi adda addummaan isaanii asii gaditti ibsameera: SOLAR ECLIPSES/Aduu, Dacheefi Addeessi tarree tokkorra ta'an uumama Darbee darbee, wayita Addeessi Lafa naannoftu, pilaaneetii nuti irra jirruufi Aduu gidduu taati. Sunis ifa Aduurraa dhufu dhorkuun gaadidduu uumamu; isatu 'Solar eclipse' ykn gaaddidduu jedhama. Hiika biraatiin, Baatiin gaadidduushee Lafarratti yoo mul'atu jechuudha. Ta’us akkaataafi hangi Baatiin Aduu itti haguugdu irratti hundaa’uun, gosoota gaadidduu solar eclipse sadiitu jiru. Guutummaatti gaaddiddaa’uu Guutummaatti gaadiddaa’uun kan mudatu, Aduu, Addeessiif Dacheen tarree tokkotti galanii inni tokko isa kaanirraa ifa Aduu wayita dhorkudha. Sekondoota (yookaan daqiiqaawwan) muraasaaf, samiin dukkana uffatee waan halkan ta’e fakkaata. Akka NASA’n jedhutti, ‘‘guutummaatti gaadiddaa’uun Lafarratti kan mul’atu akka tasaati’’: Aduun harka 400 Addeessarra bal’atti, garuu Addeessi ammoo harka 400 Aduurraa fagaattee jirti. "Hiikni kanaas, yeroo sirriitti tarree galan, Addeessi fuula Aduu guutummaatti haguugdi, sunis gaaddiddaa’uu guutuu uuma,’’ jedha NASA’n, dabaluudhaan. Gutummaan gaaddidduun wayita umamuutti, Aduun gutummaan Addeessaan haguugamuun ifa adii qofaatu giingoo guraachaan duba mul'ata Dheerina yeroo ilaalchisee jedhu Beyaamin wayita barreessan, ‘‘Laftiifi Aduun akki jiran, Baatiinis akki Lafa waliin hiriirtee jirtuu fi qaama lafaa isa kamtu dukkanaa’ee jira,’’ isa jedhurratti hundaa’a. "Yaadrimeedhaan, gaadiddaa’uun inni dheeraan daqiiqaa 7 fi sekondii 32 dheerachuu mala,’’ akka astiroofiizistiin lammii Chiilii kun jedhanitti. Yeroo hagamii gidduutti uumamuu danda’u isa jedhuuf ammoo, akka yaadnutti waan turu miti, ji’a 18 gidduutti mudachuu danda’u. Wanti arguuf ajaa'iba ta’uu malu garuu, guutummaatti gaadiddaa’uu bakka tokkotti mul’atudha, akkas ta’uuf yoo xiqqaate ganna 375 fudhachuu mala. Bara kana Mudde 4 irra guutummaatti gaadiddaa’uun nijiraata, sana guutummaatti arguuf garuu Antaarkitikaa keessa ta’uun nurraa eegama. Gariin gaaddiddaa’uu (Annular eclipse) Gariin gaadiddaa'uu (Annular eclipse) Kun wayita Addeessi Lafarraa fagoo taatee ‘‘xiqqaa’’ fakkaattu kan uumamu yoo ta’u, fuula Aduu guutummaatti hin haguugdu. Kanaafuu, Aduun qubeelaa Addeessa marsite fakkaattee mul’atti. Taateen ‘kunis Annular Solar Eclipse’ jedhamee waamama. Waxabajjii 10, 2021, taateen kun kutaalee Kaanaadaa, Giriinlaandiifi Raashiyaa keessatti guutummaatti kan mul’atu ta’a. Awurooppaa, Esshiyaa Giddu-galaafi Chaayinaa iddoo hedduutti garuu, gariin kan argan ta’u. Akka NASAn jedhutti, gaadidduun akkasii yeroo dheeraaf warra turu yoo ta’u, qubeelaan mul’atu daqiiqaa 10 oliif turuu danda’a, garuu walumaagalatti daqiiqaa 5/6 ol hin turani. Gaaddidduu wal-makaa (Hybrid eclipse) Sadaasa 2013tti akkuma suuraarrati mul'atu kanatti Keeniyaa keessatti gaaddiddaa'uu wal makaan mul'atee ture. "Taateen kun kan mudatu, yeroo Addeessi fageenya guutummaatti Aduu haguuguu dandeessurra ta’uun, wayita naannoftu, Lafarraa xiqqoo hiiqaa waan deemtuuf Aduu haguuguu dhaabdi, sunis gara Annular Eclipse ’tti jijjiirama," akka Abba Beyaamin jedhanitti. Beyaamin dabaluun akkas jedhu, "Gariin gaadiddaa’uurraa eegalees gara guutummaan gaadiddaa’uutti ce’uu mala.’’ Taateen akkasii carraan itti mudatu xiqqaa akka ta’eefi %4 qofa ta’uu kan ibsa. NASAn akka jedhuttis, yeroo dhumaaf kun kan ta’e bara 2013 keessa yoo tau, isa itti aanu arguuf Indooneeshiyaa, Awustiraliyaafi Paappuwaa Giinii keessatti hanga Eebla 20, 2023tti eeguu qabna. ‘Gaaddiddeessuu Addeessaa’ Suuraa gaaddiddeessuu ji'aa bifa garaa garaa bara 2010 keessaa Gosti gaaddidduu kun kan mul’atu, Lafti gidduu Aduufi Addeessaa wayita seentuufi ifa dhorkitudha. Afan biraatiin, wayita ‘Lunar Eclipse’ kan agarru, gaaddidduun Lafaa, Addeessa haguugeetu. "Akka IAC’n jedhutti, gaaddidduun Aduu bakka namni ilaalu sun jiru irratti hundaa’a. Gaaddiddaa’uun Addeessaa garuu faallaa kanaati. Pilaaneetii keenyarra bakka fedhan yoo ta’e ni mul’ata.’’ Dheerinni yeroo itti mul’ataniis akkasuma faallaa waliiti. Akkuma isa kan Aduu, gosoota gaaddiddaa’uu Adeessaa Lunar Eclipse sadiitu jira. Gaaddidduu guutuummaa Yeroo kanatti, Addeessiifi Aduun sirriitti faallaa Lafaa irratti argamu, akka NASAn ibsutti. "Addeessi gaaddidduu Lafaa jalatti argamtuullee, ifti Aduu muraasni Addeessi bira ni dhaqqaba," jechuun NASAn itti dabaluun ibsa. Ifti Aduu atmoosferii Lafaa keessa yoo darbu ifti cuquliisaa calalamee waan hafuuf, wayita taateen kun mudatu, Addeessi ni diimatti. Darbee darbees maqaa masoo ‘‘Addeessa Dhiigaa’’ jedhuun waamamti. Akka IACn jedhutti, ‘‘bal’inni Lafaa kan Addeessarra harka afur waan guddatuuf, gaaddidduun ishees bal’aadha. Walumaagalatti turtiin qabaatus hanga daqiiqaa 104 ga’uu mala.’’ Sanatu gaafa Caamsaa 26, 2021 mul’ata. Yoo akka tasaa Lixa Ameerikaa Kibbaa, Kibba Baha Esshiyaa yookaan Lixa Ameerikaa jiraattaniifi samiin dumessaa’uu baannaan, daqiiqaa 14 dheeratuuf Addesssa Diimtuu Lafaan haguugamte arguuf carroomtu. Gaaddiddaa’uu Addeessaa gariin (partial lunar eclipse) Akkuma maqaan ibsutti kun kan mudatu wayita Lafti gariin Addeessa haguugduttidha. Hanga gaaddidduu uumamu irratti hundaa’uun, Addeessi gurraacha-diimaa yookaan harrii shamaa fakkaatu bakka gaaddidduun Addeessa tuqerratti mul’achuu danda’a. Kunis sababa bakka gaaddidduun qaama Addeessaa tuqeefi hin qaqqabneen adda waan ba’uuf. Akka NASAtti, gaaddidduun Addeessaa guutummaa yeroo dheeraa keessatti al tokko waan mul’atu ta’us, kan gariinii garuu waggaatti al lama mudachuu danda’a. Gaaddidduun gariin Addeessa haguugu inn itti aanu Sadaasa 18-19, 2021, Kaaba fi Kibba Ameerikaa, Awustiraaliyaa fi kutaalee Awurooppaa fi Eeshiyaa keessatti ni mul’ata. Bakka gaaddiddeessuun Addeessaa itti mudate (Penumbral lunar eclipse) Kun kan mudatu wayita Addeessi gaaddidduu gariin Lafa haguugee jiru keessa dabartee deemtudha. Kunis gaadidduu baay’ee salphaadha. Kanaafuu, walirra bu’uun akkasii ija namaatiin adda ba’uuf qaamni Addeessa hagam gaaddidduu sana keessa akka seene irratti hundaa’a. Haga xiqqoo ta’een ijaan arguuf daran rakkisaa ta’a. Sababa kanaaf jecha, taateewwan kunneen saayintistootaaf qofa yeroo hedduu kan himaman. Gaaddiddeessuu urjiiwwanii (STELLAR ECLIPSES) Gaaddidduun hundi Aduufi pilaaneetii keenya Lafa qofa kan hirmaachisan miti. Kitaaba isaanii intarneeta gubbaa bilisaan argamu "Illustrated Astronomy" irratti Beyaamin akka ibsanitti, ‘‘%50 pilaaneetiiwwan kunneen lamaan kan argamu siistamii urkiiwwanii lama yookaan isaa ol keessttidha.’’ ‘‘Gaalaaksii keenya keessatti urjiiwwan hedduun erga jiraatanii, urjiiwwan baayinaarii sunneen keessaa muraasni [urjiiwwan marsaa mataasaanii keessa sochoo’an akka jechuuti], Lafa waliin sirriitti tarree galanii naanna’u. ''Kanaafuu qaama naanna’uu isaanii kana keessatti, tokko isa tokko qaxxaamuree deema, sunis kaan akka haguugu taasisa jechuudha,’’ akka Abba Beyaamin dabalee ibsutti. "Kan urjiiwwan dachaa ammoo 'eclipsing binary stars' jedhamuun beekama."
oduu-55411875
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55411875
Lola Tigraay Itoophiyaa: Lola mootummaa federaalaa fi TPLF keessatti qooda Eertiraa
Pireezidantiin Eertiraa akka nama 'addunyaan gatteetti' ilaalamaa turan Isaayyaas Afawarqii loltoota Itoophiyaa haleellaa TPLF dheessanii garas baqataniif deeggarsa yeroositti daran isaan barbaachisu godheefi michuu badhaafamaa Noobeelii MM Abiy Ahimad ta'uu isaa mirkaneesse.
MM Abiy tibba darbe paarlaamaatti yoo dubbatan Eertiraan, loltoota Itoophiyaa garas baqatan - laatteefii, itti uwwistee akkasumas hidhachiiftee akka deebi'anii lolan goote jedhan. "Uummanni Eertiraa fira yeroo rakkoo nu waliin dhaabbatan ta'uu nuuf mirkaneessani" jedhn MM Abiy. Loltoonni gara Eertiraa baqatanii achitti of ijaaranii deebi'anii lolan, humna TPLF loltoota 250,000 qabu jedhamee tilmaamamu injifachuun akka danda'amu gumaachaniiru. Lolli Tigraay jiruu lammilee hedduu miidhe MM Abiy Eertiraan loltoota ishee ergitee TPLF waraanaa turuu wanti jedhan jiraachuu baatullee, Eertiraan loltoota Itoophiyaa hidhachiisuu dubbachuun matumaan isaa waan guddaadha. Hospitaalonni haleelamuu Loltoonni Eertiraa waraana kanarraatti hirmaachaa jiru jechuun jalqaba kan himate TPLFdha. Booda lammileen nagaa lolicha baqatan akkasumas lammileen Eertiraa biyyattii keessaa fi ala jiran waan kana dubbachuu eegalan. "Isaayyas dargaggoonni Eertiraa akka du'an Tigraayitti ergaa jira. Lolichi diinagdee biyyattiis ni miidha. Garuu Isaayyaas aangoorra akka turu isa gargaara. Namoonni lubbuu isaaniif akka lolan, garuu bilisummaa isaaniif akka hin lolle godhe," jedha Phaawuloos Tasfagiyoorgis, falmaan mirgoota namoomaa lammii Eertiraa ta'e. Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Ameerikaa Eertiraan lola kanarratti hirmaachuu 'gabaasaalee amanaman' jiru kan jedhe yoo ta'u, kunis 'waan akka malee hamaadha' jedhe. Mootummoonni Itoophiyaa fi Eertiraa dhimma kana ni waakkatu. Ministirri haajaa alaa Eertiraa Osmaan Saalee "pirooppaagaandaa" jechuun gabaasaalee Ameerikaan baantu kuffisan. Barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guterees loltoonni Eertiraa Tigraay keessa akka hin jirre MM Abiy naaf mirkaneessaniiru jedhan. Haa ta'u malee waliigaltee seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Eertiraan bara 2018 irra gahaniin lafa Eertiraaf mala jedhamerra loltoonni Eertiraa jiraachuu MM Abiy qondaala UN kanaaf himaniiru. Waliigalteen sun wal-diddaa bara 1998 hanga 2000 biyyoota lamaan jiddu ture kan gama lamaaniinu namooti 100,000 ol itti dhumanitti xumura godhe. Waliigaltee kana hordofuun MM Abiy badhaasa Noobeelii nagaa badhaafamanillee, lafti Eertiraaf dabarsitee kennuuf Itoophiyaan itti waliigalte hanga lolli Tigraay eegaluutti loltoota Itoophiyaa harka ture. Mootummaan MM Abiy miidiyaa, dhaabbileen UN fi dhaabbileen mirgoota namoomaa gara Tigraay akka hin imalle dhorkuun odeeffannoo mirkana argachuufi sarbama mirgaa gama lamaaniinuu raawwatame jedhamu qorachuuf rakkisaa taasiseera. Kuni haleellaa daangaa Eertiraa keessaa hospitaala naannoo Tigraay keessa jiru irratti raawwate jedhame dabalata. Eertiraan waa'ee hospitaala ibsa hoggantuu mirgoota namoomaa UN haleelame jedhame kanaa homaatuu hin jenne. MM Abiy Ahimad loltoonni namoota nagaarraan miidha hin dhaqqabsiifne jedhu. "Lolichi dukkana jabaa keessatti lolame. Lolichi hagam akka ta'es ta'e miidhaan isaa hagam akka ta'e namni beeku hin jiru," jedha Keeniyaa kan jiru xiinxalaan dhimmoota Gaanfaa Afrikaa Rashiid Abdii. Loltooti Eertiraa saamichaan himataman Lolli Tigraay namoota hedduu qe'eerraa buqqisuu isaa maddi UN akka isaaf hime xiinxalaan Ameerikaa buufate Aleeks dii Waal BBC'tti himeera. "Haala kanaan kan itti fufu yoo ta'e, Tigraay keessatti namni hedduun beela'uu mala," jedha dii Waal. Abbootii amantaa dabalatee maddeen amanamoo ta'an irraa loltoonni Eertiraa saamicharratti bobba'uu akka odeeffates hima. "Balbalaa fi meeshaalee mana fincaanii osoo hin hafiin hataa akka jiran odeeffannoo dhagahaa jirra," jedha. Lammileen Eertiraa ammoo firooti isaanii osoo hin hafiin loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti adda garagaraa irratti lolaa jiraachuu dubbatu. Loltoonni kun gariin isaanii uffata waraana Itoophiyaa uffatanii lolu jedhan. Eertiraan loltoonni ishee gonkumaa Tigraay keessa akka hin jirre himti. Ministirri haajaa alaa ishee "nuti keessaa hin qabnu" jedhan. Dipiloomaatiin duraanii Eertiraa kan amma biyya ambaa jiru Abdallaa Adam loltoonni Eertiraa inni dhuunfaan beeku kan lola Tigraay keessatti madaa'an jiru jedha. Maddi hospitaala uummataa Kibba Eertiraa magaalaa Sanaafee jiru tokko loltoonni Eertiraas kan Itoophiyaas hospitaalichatti yaalamaa akka turan BBCf himeera. 'Isaayyaas kufaatii TPLF fedha' Maddeen BBC Eertiraa keessa jiran loltootni Itoophiyaa biyyattiitti baqatanii naannoo magaala Hagaaz jehamutti deebi'anii gurmaa'uun, madoo isaanii hospitaala waranaa dhiyeenyatti argamu Gilaas jedhamutti waldhaansisuu himu. Biyya UK keessatti barsiisaa kan ta'e Ga'iim Kibre'aab pireezidant Isaayyaas TPLF'n dhabamsiisuuf loltoota isaanii Tigraayitti ergan jedhee amana. Kun erga lola Itiyoo-Eertiraa bara 1998-2000 booda kaayyoo aanga'oota Eertiraa tures jedha. Bara lola biyyoota lamaanii TPLF aangoo mootummaa federaalaas kan naannoo Tigraayis harkaa qaba. Lola Itiyoo-Eertiraan taankii gubatan, Eertiraa Asmaraatti '' Lola bara 1998-2000 tureen, TPLF ganda xiqqoo Baadimmee jedhamtu to'achuun Pireezidant Isaayyaasiin hamilee cabsiteetti. Manni Murtii idila addunyaallee lafti sun kan Eertiraa ta'uu murteessus, TPLF waggoota 18'f lafa sanarraa loltoota ishee hin baafne. Pireezidantichi yeroo akka kanaa eeggachaa turan, warri TPLF haxxummaafi obsa isaa salphisanii ilaalan'' jedha Ga'iim. Nageenyarraa Lolatti Deggartootni Isaayyaas loltootni Eertiraa akka biyya walabaa tokkotti Baadimmee fi naannoo ishee deebisanii dhunfachuun alatti lola kana keessatti hirmaachuun daangaa Tigraay hin gallee jedhu. Yaada kanaan addaa kan qaban obbo Phaawuloos ammoo ''Baadimmeen harka Eertiraatti deebiteetti , haata'u malee kun ifatti uummataaf hin labsamne sababni isaas kun yaaddoo Isaayyaas miti. Amallee TPLF'n cabsuuf yaalaa jira'' jedhu. ''Abiy jalqabni isaa nama nagaa buusu fi riifoormii ta'ee , booda qormaata TPLF'n haaloo bahuu harkatti kufe, kun immoo wanta Isaayyaas barbaadudha.'' Daangaan Itoophiyaa fi Eertiraa banamuu isaan dubartoota gammachuu ibsatan Humnoonni TPLF Sadaasa 3 hanga rayyaa ittisa biyya izii Kaabaa haleelanii mootummaa gidduugaleessaa aangoorraa busuuf yaalan jedhanii amanannitti waldhibdee TPLF waliin qaban karaa nagaa furuuf yaaluu MM Abiy irra deddeebiin dubbataniiru. Duula kana keessatti Isaayyaas irraa gargaarsa jabaa argataniis, miidiyaaleen Eertiraa waan ta'aa jiru irratti uummataaf odeeffannoo qoodaa hin turre, misaayela TPLF irraa gara naannoo magaala Asmaraatti furguggifame ilaalchiseellee waa hin dubbanne. ''Tv'n Eertiraa haleellaa boombii Siiriyaa n gabaasa, garuu waayee misaayela Asmaraa qubatee homaa hin jennee'' jedhu aanga'aan duraanii mootummaa Eertiraa kana amma baqarra jiran Daawwit Fisehaayye. Haleellaa san ilaalchisee Ministirrii Haajaa Alaa Eertiraa ergaa tiwiitaraa maxxansanii turaniin yaaliiwwan ijibbaataa TPLF kana guddisanii dubbachuun hiika hin qabu jedhanii turan. Baqattoota butaman Eertiraa keessatti tajaajilli intarneetaa murtaahaadha, miidiyaaleen walabaas hin jiran. paartiileen mormituus hin jiran. Hireen namoota siyaasaa 11 fi gaazexessitoota 17 waggaa 20'f hidhamanii jiraniis hin beekamu. Carraan hojii murtaahaa ta'ee kan jiru yeroo ta'u tajaajilli loltummaa dirqama. Sababa kanaattis dargaggoonni kumaan lakkaawaman biyyaa baqachuuf dirqamu. Baqattootni 100,000 ta'aniis waggootaaf kaampii UN Tigraayii qabu keessa jiru. Magaalaa Asmaraa Ejensiin baqattootaa UN tibba lolaa kana baqattootni kunniin ajjeefamuu, butamuufi dirqiin biyyatti deebifamuu ragaa amanamaa hedduu argadheera jedha. Ejeensichi eenyu gocha kana akka raawwate eeruu baatus, baqataan BBC'n dubbise garuu loltootni Eertiraa baqattoota kana magaalaa Addigiraat irraa konkolaataatti fe'uun daangaa Eertiraa keessa magaala Adii Qu'aalaa jedhamtu geessuu hima. Eertiraan himaannaa lola kana keessaa qabdurratti yaada kennuu baattus, kanaan dura Ejeensiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii duula maq baleessii gaggeessaa jira jechuun komateera. Obbo Daawwit mootummaan Asmaraa jiru yoomuu ni haaroma jedhee hin yaaduu jedhu. ''Eertiraa keessa hanga ammaa jijjiiramni hin jiru. Sababni isaas hooggansi jiru sana hin fedhu. Kufaatiin TPLF's kana hin jijjiiru. Rifoormii eeguun abjuu hin dugoomneedha'' jedhu.
45358264
https://www.bbc.com/afaanoromoo/45358264
Shawaa Bahaa, Oromiyaa: Helikooptarri kufee caccabuun lubbuu namoota 18 galaafate
Helikooptarri waraanaa har'a ganama Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti kufee caccabuun lubbuun namoota 18 darbe.
Helikooptarri Humna Qilleensa Itoophiyaa loltuu 15 fi namoota siviilii 3 walumaa galatti namoota 18 fe'ekun Dirree Dhawaa irraa gara Bishooftuutti imalaa ture. Helikooptarichi Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee Ganda Ejeree jedhamtutti wayita gahu kufee caccabuun, imaltoonni 18 hunduu lubbuunsaanii darbuu, Obbo Addisuu Araggaa fuula Facebook isaaniirratti maxxansaniiru. Ka'umsi balaa kanaa qoratamaa jiraachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.
oduu-51019147
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51019147
Iraan: Awwaalchaa Qaaseem Solemaanii irratti namootni 50 ol du'an
Iraan, sirna awwaalchaa Qaaseem Solemaan irratti argamuuf uummatamiliyoonaan lakkaa'amu imalaa turan keessaa, waldhiibuun walirraa dhaabachuun yoo xiqqaate namoota 50 lubbuun darbuusaa miidiyaan biyyattii gabaaseera.
Namootni 48 ol ta'an ammoo balaa kanaan mada'aniiru jedha gabaasichi. Qaaseem Solemaanii magaala Kermanitti kan awwaalamu yoo ta'u, namootni miiliyoonaan lakkaa'aman sirna awwaalchaa kanaaf daandiitti bahuun gutaanii jiru. Ajjeechaan isaa Ameerikaafi Iraan gidduutti sodaa waraanaa kaaseera. Iraan keessatti Hogganaa amantaa Kameniitti aansuun Solemaaniin nama aangoo qabeessa isa lammataadha. US Solemaaniitiin akka shorokeessaafi akka nama looltoota Ameerikaatti rakkoo uumuu danda'utti ilaaltiin turte. Haala gara biraatiin ammoo:
oduu-51862562
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51862562
Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee guddina Afaan Oromoof maal gumaachan?
Sheekh Mohammad Rashaad, abbaa isaanii Kabiir Abdullee Kabiir Muummayyaa fi haadha isaanii Faaxumaa Shurraa Ahimad irraa, bara 1934 Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa Ganda Laga Arbaa keeessatti dhalatan.
Umurii ijoollummaasaaniitti barnoota amantii hordofuuf fedhii guddaa agarsiisaa turan kan jedhan ilmi isaanii kan amma Sa'uudii Arabiyaa, magaalaa Makkaa jiraatan Kaaliid Rashaad, garuu abbaansaanii qe'eerraa fagaatee akka baratu iyyamaafii hin turre jedhan. Boodarra Sheek Mohaammad Rashaad dandeettiisaatiin abbaasaa amansiise kan jedhan Sheek Kaalid Rashaad sanaan booda abbaanis akka fedhe Harargee bal'oo keessa imalee akka baratu iyyamaniif jedhan. Bakkaa bakkatti imalanii namoota beekumsa qaban irraa waa barachuu kan aadeffatan Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee imallisaanii biyya keessatti qofa murtaa'ee hin hafne. ''Sheek Mohaammad Rashaad ijoollummaatti barnoota amantii, falaasama amantii fi seerluga afaan Aarabaa sirriitti waan barataniif gara biyyoota Arabaa imaluu yaadi dhufteef. Biyya keessatti aalimota jajjaboo kanneen Sheek Abuubakar Saaphaloo irraa falaasama jiruu fi jireenyaa, haala qabsoo fi barnoota amantii Islaamaa barateera'' jedhan Sheek Kaaliid Rashaad. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee dhalatee umurii waggaa 15tti bara 1949 biyyaa bahee gara biyyoota Arabaatti qajeele. ''Jalqaba gara Jibuutii imale. Jibuutiin Yaman seene. Achirraa Sa'uudii seenee bara 1950 hajjii godhe. Sa'uudiis osoo baay'ee hin turin gara Sooriyaa imalee magaalaa Damaasqoo keessa waggaa shan jiraate,'' Jedhan Sheek Kaaliid Rashaad. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Sooriyaa keessatti mana barnootaa 'Fatul Islaam' jedhamutti waggaa shan erga baratanii booda 'Muftii' ta'uun beekamtii argatan. Sooriyaa keessatti imaama masjiidotaa ta'uurraa hanga Jum'aa kuxbaa ykn dhaamsa barnoota amantii dhageessisuutti erga tajaajilanii booda bara 1956 gara Masrii imaluun carraa Yuuniversitii al-Azhar seenanii barachuu argatan. Jiruu Yuuniversitii al-Azhar, Kaayiroo Waa'ee Oromummaaf quuqamuun xiiqeffatee hojjetuu akkuma Yuuniversitii al-Azhar seeneen eegale jedhu ilmi isaanii Sheek Kaaliid Rashaad. ''Bara 1956 akkuma yuuniversitii al-Azhaar seeneen biyyoonni hunduu afaan fi aadaa akkasumas eenyummaansaanii wayita calaqqisan onnachuu eegale. Mana kitaabaa wayita deemu seenaan biyyoota garaagaraa haala nama hawwatuun katabamee jira. Kun hundi osoo qubeedhaan ta'eewoo jedhee yaaduu eegale,'' jedhan Sheek Kaaliid Rashaad. Wayita sana abbaan isaanii ,''Nutis seenaa himamu qabna, afaan dubbatamu qabna, qubee ittiin qubeessinu qabna. Kana hunda miidiyaadhaan mul'isuu waan barbaannuuf miidiyaa nuuf iyyamaa,'' jedhee gaafachaa akka ture dubbatu Sheek Kaaliid. Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Yuunivarsitii al-Ahzar irraa bara 1962 qabxii ol'aanaadhaan eebbifamuun bulchaa Masrii yeroo Sanaa Jamaal Abdal Naasir harkaa waraqaa beekamtii fudhatan. Yuunivarsitii al-Azhar booda… Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee bara 1962 Yuunivarsitii al-Azhar irraa eebbifamanii achumatti ramadaman. Hawaasa Itoophiyaa Masrii jiran waliin walargaa kan turan Sheek Mohaammad Rashaad hiriira qindeessuun sirna bulchiinsaa Haayilasillaasee mormaa turan. Namoota wayita sana hiriira ba'aa turan keessaa kanneen gara biyyaa deebi'an adamsamanii hidhamaa fi ajjeefamaa waan turaniif miirri biyyattii deebi'anii barsiisuu Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee keessaa badee ture. Yuunivarsitiin al-Azhar Sheek Mohaammad Rashaad akkaan kan kabajuu fi iddoo guddaa qabaachaafii waan tureef rakkootti erguu hin barbaanne ture. Utuma kanaan jiranii wayita Somaaleen guutummaatti walabummaashee gonfattu Yuunivarsitiin al-Azhar bara 1963 Sheek Mohammad Rashaad Abdullee Somaaliyaatti erge. Somaaliyaatti waggaa sadiif imaama masjiidaa fi barsiisaa amantii ta'ee erga hojjetee booda mootummaan Somaaliyaa hojjetaa mootummaa godhan. Raadiyoo Afaan Oromoo - Moqadishoo Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita waajjira mootummaa Somaaliyaa keessa hojjechuuf carraa argatanitti dhimma Afaan Oromoo fi qubee irratti qiyyaafatan. Bara 1965 sagantaan raadiyoo Afaan Oromoo Moqadishoo irraa darbuu kan jalqabe tattaaffii isaan godhaniin ta'uu dubbatu Sheek Kaalid Rashaad. Raadiyoo sagantaa Afaan Oromoo jalqaba daqiiqaa 15 achiis gara 30tti achirraa ammo gara sa'atii tokkootti guddate. Garuu qormaatis isaan mudateera jedhu Sheek Kaaliid Rashaad Abdullee. ''Wayita sana Raadiyoo Maqadishoo akkaan jaal'atamuu eegale. Isa booda Haayilasillaaseen Raadiyoo Afaan Oromoo kan biraa magaalaa Hararitti eegalsiise. Ergaa raadiyoo Moqadishoo irraa dhufte gufachiisuuf waan hedduu hojjetan.'' Wayita raadiyoo Moqadishoo keessa hojjechaa turetti artistoota garee Afran Qalloo hedduu akka utubaa turanis dubbatu. Bara bulchiinsa mootii Haayilasillaasee wayita rakkoon gareen Afran Qal'oo hudhee qabetti kan Somaaliyaatti waamee da'oo ta'eef Sheek Mohammad Rashaad Abdulleeti jedhu ilmisaanii Sheek Kaaliid Rashaad. ''Yeroo jalqabaatiif Moqadhishootti garee Afran Qalloo simatee kan meeshaalee muuziqaa ammayyaa biteefii humna ta'eef Sheek Mohammad Rashaad Abdulleeti.'' Mootii Somaaliyaa yeroo Sanaa Ziyaad Barree biratti fudhatama guddaa kan qaban Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita sana hundeessitoota dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo waliin qindoomuun waa'ee Oromoo fi Oromummaarratti xiyyeeffatanii hojjetaa turan akka Sheek Kaaliid jedhanitti. Qubee fi Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita Somaaliyaa turanitti hojii guddaan isaan hojjetan keessaa tokko Afaan Oromoo guddisuu ture. Aadaa fi Tuurizimii biyyattii keessa wayita hojjetaa turanitti hayyoota biyyattii waliin ta'uun afaan Somaaleetiif qubee moggaasan. Wayita kana hojjetan garuu kaayyoon dhokataan isaanii keessa Afaan Oromoo fi qubee babal'isuu ture. Hawwiin Sheek Mohaammad ittumaa milkaa'aa deemee bara 1973 kitaaba Furaa Afaan Oromoo jedhamu qubee Afaan Oromootiin barreessanii dhiyeessan. Qabsaa'onni isaan booda dhufan kitaaba isaanii kana bu'uura godhachuudhaan qubee Afaan Oromoo guddisuu, ittiin barreessuu fi ittiin hojjechuu eegalan. Kitaabni Mohaammad Rashaad Abdullee Furtuu jedhamu miseensota gameeyyii Adda Bilisummaa Oromoo harka seenuun Somaaliyaa, Sudaan, Jibuutii fi Itoophiyaa keessa naanna'ee ittiin barsiifamaa ture jedhu Sheek Kaaliid. Gara biyyoota Arabaatti maaliif deebi'an? Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee osooma karaa Raadiyoo Somaalee dhimmoota amantii barsiisanii bara 1983 Hagayya keessa gara biyyoota Arabaa ergaman. Wayita sana haala amantii Islaamaa naannawa biyyoota Baha Afrikaa qorachuuf akkasumas seenaa ummata Somaaliyaa qorachuuf biiroo aadaa Somaaliyaatiin gara Sa'uudii, Kuweet, Iraaq fi Yaman ergaman jedhan Sheek Kaaliid. Sheek Mohaammad garuu dalagaa deemaniif cinaatti waa'ee ummata Oromoo biyyoota Arabaatti beeksisuu fi seenaa Oromoo qorachuun barreessuu eegalan jedhu. Erga hojiisaanii geessaniis gara Moqadishoo deebi'uu dhiisanii Sa'uudiitti hafanii waa'ee Oromoo kana itti fufe jedhan. Ergasii mootummaa Somaalee waliin waldhabanii Sa'uudii Arabiyaa turanii kitaaban Afaan Oromootiin barreessuu fi kan Afaan Arabaan barraa'an gara Afaan Oromootti hiiku eegalan. Hiikaa Qur'aanaa… Uummanni Oromoo akkamiin afaan isaatiin amantii Islaamaa barachuu akka danda'u kan hojjechaa turan Sheekh Mohammed Rashaad yeroo jalqabaaf qur'aana guutuu Afaan Oromootti hiikuudhaan nama milkaa'aniidha. Qur'aana guutuu Afaan Oromootti hiikuun waggaa 25 itti fudhate kan jedhan Sheek Kaaliid Rashaad namni kan ittiin isaan beeku Qur'aana hiikuudhaan ta'ullee isaan garuu kitaabota amantii 29 Afaan Oromootiin qopheessaniiru jedhan. ''Hanga ammaatti kan uummata bira ga'e hiikaa qur'aana qofa. Kanaan booda kitaabolee isaanii biro kan hanga ammaatti hawaasa bira hin geenye dhiyeessuuf jirra. Kitaabilee amantii, kan seenaa Oromoo, hiikaa jechootaa kan Afaan Arabaa irraa gara Afaan Oromootti hiiku hedduutu jiru.'' Qur'aana Afaan Oromootti kan hiikanirratti dabalataan sagaleedhaanis waraabuudhaan kaasetaan qopheessaniiru. ''Bara 1990 magaalaa Madiinaa keessatti qur'aana guutuu kaasetaan maxxansan. Baruma sana fuudhanii kaaseta biyya galchanii raabsan.'' Kitaaba amantii malees tooftaawwan riphee lotummaa, Seenaa gaanfa Afriikaa, Geerarsa Oromoo, Seenaa Ahmad Giraanyi, Akkaataan qubeen Afaan Oromoo itti taa'urratti kitaaba hedduu barreesaniiru. Qur'aana Afaan biraatti hiikuun akkaan kan ulfaatuu fi humna dandeettii fi maallaqa guddaa kan gaafatu ta'us Sheek Mohammad Rashaad garuu hamilee fi fedhii qabuun of utubee milkaa'eera. Gargaarsa tokko malee ifaajee waggoota kurna saditti siiqu booda waan guddoo kana uumatasaaniif gumaachan. Ifaajeesaanii kana qormaanni hedduun mudateera, Afaan kun Qur'aana ittiin hiikuuf ga'umsa hin qabu ittiin jechaa turan. Sheek Mohammad Rashaad Abdullee Qur'aana barreeffamaanis ta'e sagaleedhaan Afaan Oromootti kan hiikeef irraa fayyadamuuf osoo hin taane uummatasaa wal'aalummaa jalaa baasuuf ture. Hojiisaas erga maxxansiisee booda tola uummatasaaf hire. Afaan Oromootiin waan gurguddaa hojjechuun akka danda'amu ifaajee mataasaatiin addunyaatti mul'iseera. Akkuma olitti ibsametti, Sheekh Mahammad Rashaad nama barnootaa ti. Hayyuu afaan Oromoo, Soomaalee fii Arabaa ti. Amantii malees, Falsafaa, taligaa haala namaa, heera taliga`aa, Ilminnafsi, Joograafii fii barnoota miya lolaa nama barate. Sheekni barruu leexaa malees nama Kitaabota waa'ee Amantii Islaamaa Afaan Arabaa fi Afaan Oromootiin barreessuun akkasumas hojii aartii fi guddina Afaaniirratti hojjetaniin giti digirii lammaffaa(MA degree) kennameeraaf. Dandeettiisaanii akkuma cimsataa deemaniin akkasumas tajaajila barnootaa bilisaan akkuma hawaasaaf kennaa deemaniin hojiisaanii kanaaf Yuuniversitii biyya Ingiliiz irraa digirii sadaffaa(PhD) argatan. Sheekh Mohammad Rashaad Abdullee bara 2009 jiruu baqqaa guutummaatti dhiisanii biyya Sa'uudii irraa gara biyyaa galan. Waggoota Afuriif magaalaa Adaamaa erga jiraatanii booda bara 2013 ji'a 5ffaa guyyaa 25 tti magaalaa Dirree Dhawaatti imalanii turban lama keessatti umurii waggaa 79tti aakiraman. Haala maatii... Sheek Mohammad Rashaad ijoollee dhiiraa afurii fi dhalaa tokko walumatti abbaa ijoollee shanii turan. Sheek Mohammad Rashaad erga gara biyyaa deebi'aniis ejjennoosaanii duraaniirraa duubatti hin jenne. Waan itti dhagahame dubbachuu, waan dabe dubbatanii sirreessuu fi mirga namaaf falmuu ittuma fufan. Keessattuu wayita mootummaan amantii keessa seenee laaqaa ture jedhametti yaadasaanii gumaachuun dogoggora ta'uu dubbachuusaaniitiin akka hacuucamaa turan himu Sheek Kaaliid Rashaad. ''Gumaacha Sheek Mohammad Rashaad Abdulleef bakki malu hin kennamne'' Ijoollee Sheek Mohammad Rashaad Abdullee keessaa lammaffaarratti kan dhalatan yeroo ammaa magaalaa Makkaa kan jiraatan Sheek Kaaliid Rashaad gumaachi abbaasaanii galata malee hafe jedhan. ''Kitaabban isaanii fi seenaa isaanii akkan olkaa'ee uummata Oromoof qoodu amaanaa natti dhiisanii du'an. Uummanni keenya garuu nama waan guddaa gumaacheef kana maqaasaanii kaasuu waan barbaadan hin se'u. An garuu hojiisaa olkaa'een jira waan ta'eef uummata biraan ga'uuf qophaa'aan jira.'' Akka namoota Oromoof waa gumaachan kan biroof xiyyeeffannaa kennu maatii Sheek Mohammad Rashaad Abdullee mootummaan iyyaafachuu dhabuusaatti ni komanna jedhan Sheek Kaaliid Rashaad. Keessattuu haati warraa Sheek Mohammad Rashaad isaan amma magaalaa Adaamaa jiran akkaan gargaarsa barbaadu jedhan. Kanaafuu mootummaa naannoo Oromiyaas ta'e uummanni Oromoo nama seenaa boonsaa qusateefii darbe kana yaadachuun akka maatiisaa gargaarun gaafadha jedhan Sheek Kaaliid Rashaad.
oduu-54903949
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54903949
Adabbii fi dhorkaa cimsuun yakka gudeeddii hir'isuu danda'aa?
Ministeerri Dubartootaa, Dargaggootaa fi Daa’immanii Itoophiyaa miidhaa saalaa hambisuuf qajeelfamoota beeksisuuf yaade keessaa, poolisii farra miidhaa saalaa hundeessuu fi sirna galmee biyyaalessaa namoota haleellaa qaqqabsiisanii diriirsuun warreen ijoo keessaati.
Sirni galmee biyyaalessaa namoota miidhaa saalaa qaqqabsiisanii, yakka kanaan himatamanii adabamanii fi yeroo turtii mana hidhaa xumuranii bahan, tooftaa teekinolojii fayyadamuun akka galmaa’u taasisa. Kuni ''sirreeffamtoonni erga hidhaatii bahaniin booda tajaajilawwan hawaasummaa garagaraa akka hin arganne taasisa" jedhaniiru dubbii himaan ministeerichaa Obbo Adinew Abarraa. Dhorkaan kun namoota miidhaa wal-fakkaatu qaqqabsiisuu danda’an ‘akeekkachiisuu’ fi ''Itoophiyaan biyya haleellaa dubartootaa fi daa’mmanii balfitu tahuu agarsiisuufi,’’ jedhan. Warraaqsa mirga dubartootaa kabachiisuuf jaarmiyaa Yunivarsiitii Finifinneetti dhaabbate 'Yellow Movement' keessatti miseensa kan taate Ruut Yitbaarak, nama haleellaa raawwate galmeessuun sirrii dha jetti. Sababiinsaas, ''yakka raawwateef maqaa waamuu fi qaanessuun barbaachisaaadha. Yeroo baay'ee dubartoota miidhamanitu akka qaana’an taasifama gatii taheef,’’ jetti. Adabbii cimsuun gudeeddii hir'isuu danda'aa? Adabbii fi dhorkaawwan cimsuun yakkoota haleellaa saalaa hir’isuuf hangam fayyada? Dhimmi kun furmaata waaraa akka argatuuf tarkaanfiiwwan akkasii ni gargaaruu? Akliil Solomoon falmattuu mirga dubartootaa fi ogeettii seeraati. Dubbii inni ijoon galmeen namoota kanaa akkamitti faayidaarra oolaa fi eenyutu itti fayyadama kan jedhudha jetti. Namni tokko sirna haqaa keessa darbee gaafa bilisaan gadhiifamu yakka hojjeterraa sirreeffameera jedhameetu amanama gatii taheef, dhorkaawwan kun hangam irra turu kan jedhu of eeggannoon ilaalamuu qaba jetti. Galmeen kun namooti miidhaan saalaa keessumaa ijoollee irratti raawwatan yeroo hidhaa isaanii xumuranii bahan, iddoo ijoolleen oolanitti akka hin argamne, manneetii barnootaa faa keessatti akka hin qacaramne gochuuf yoo tahe barbaachisaa dha jetti. Muuxannoon biyyoota biroos kanuma agarsiisa jetti ogeettiin kun. Haa tahu malee namoota yeroo sirreeffamaa xumuranii bahan hawaasa keessaa baasuu akka hin taanee fi adabbii irra deddeebii akka hin taane, xiyyeeffannoon taasifamuu qabas jetti. Adabbii cimsuun hawaasni tokko yakka sanaaf madaallii kenne agarsiisa malee, yakka hir’isuu danda’a waan jedhuuf ragaan qabatamaa hin jiru jetti. Namoonnis yeroo yakka hojjetan kun adabbiinsaa salphaa dha, sun immoo jabaataadha kan jedhu yaadanii miti. Inumaayyuu homaa hin tahu nan miliqa jedhanii waan yaadaniifi sirni haqaas nuuf looga jedhanii waan yaadniifis jetti. Haqni akka yakki fi yakkamaan akka sirraa’uufi malee, yakkamaan yaadda’aa akka jiraatuufi miti. Sababiinsaa immoo ijaa yaadda’eef gocha sana raawwachuurra hambisuu dhiisuu danda’a jetti. Maal gochuu wayya? Namoota kanneeniif waa’ee eeyyamaa fi qunnamtii saalaa humnaan raawwachuu dhiisuu fa’i irratti leenjii kennuun, akka uummata tajaajilan hojjetamuu qaba. Yakki gudeeddii ykn immoo haleellaa saalaa dimshaashumatti hambisuuf, madda isaarraatti hojjechuutu bu’aa qabeessadha jedhee amana jetti Akliil. Madaallii aangoo dhiirotaa fi dubartoota gidduutti cabee jiru sirreessuuf hojjechuu, dhiiroti eeyyama maaliif hin gaafatan, haleellaawwan saalaa akkanaa maaliif irra deddeebiin mudatu kan jedhu burqaadhumarraa hubatanii hiikuun barbaachisa jetti. Sirni seeraafi haqaallee wal-dubbisuufi gurmaa’uun irraa eegama, sababiinsaammoo akkanatti tajaajila si’ataafi faayidaa qabu kennuun danda’ama jetti. Kanaaf galmeen kun hojiirra gaafa oolu ijoolleefi eegumsa fooyya’aa taasisuuf malee, nama yeroo adabbii raawwatee ba’e mirgootaa fi bilisummaa irraa hambisuuf tahuu hin qabu jetti ogeettiin seeraaa kun.
oduu-53698888
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53698888
Mariin Hidha Haaromsaa adda cite torbee dhufu itti fufa jette Itoophiyaan
Mariin dhimma Hidha Haaromsaa Itoophiyaa taajjabdummaa Gamtaa Afriikaatiin Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii gidduutti gaggeeffamaa turee addaan cite, torbee dhufurraa itti fufuu danda’a jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii.
Masrii fi Sudaan yaada Itoophiyaa mormuun iaanii haaraa miti kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, Itoophiyaan amma guutiinsa bishaanii waliigaltee malee raawwattee, dhimmoota itti aanan ammoo walii galteedhaan raawwachaa deemti jedhan. Marii kana keessatti taajjabdummaan hirmaataa kan turte Ameerikaa waliinis Itoophiyaan hariiroo cimsuu barbaaddi jedhan Ambaasaaddar Diinaan, garuu yaada dhiibbaa nurratti uumu kamuu hin keessummeessinu jedhan. Marii hidha haaromsaarratti ejjennoo raafamaa fi daddaaqamni yaadaa Sudaan fi Masriin agarsiisaa jiran kan nama nuffisiisuudha jedhan Ambasaaddar Diinaan. Haa ta’u malee mariin kun dhimma abdii irraa kutatanii dhiisan miti kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, ammas taanaan yaada marii gama Sudaanii fi Masriin dhiyaateen Itoophiyaan mariitti deebi’uuf tole jetteetti jedhan. Marii Wiixata dhufurraa itti fufu irratti, Itoophiyaan akkaataa bishaan itti guutamuu qaburratti qajeeltoo yaadaa qopheessite ni dhiyeessiti jedhan qondaalli kun. Itoophiyaan akkaataa guutiinsa bishaanii irratti yaadashee dhiheessitus, garuu ammas gara fuulduraatti ga’een bishaanii akkam ta’uu qaba kan jedhurratti mariin ni barbaachisa jettee amanti jedhan. Masriin biyyoota ollaa Itoophiyaatti fayyadamuun buufata waraanaa ijaarrachaa jirti oduu jedhurratti Ambaasaaddar Diinaan wayita yaada kennaniin, ’’Masriin biyya kamuu waliin hariiroo uumuun mirgasheeti" jedhan. "Somaaliyaa, Somaalilaandi, Sudaan waliin. Hariiroo isaan uuman garuu Itoophiyaa balaaf kan saaxilu ta’uu hin qabu. Birmadummaaa fi nageenya Itoophiyaarratti kan qiyyaafate ta’uu hin qabu’’ jedhan. Ambaasaaddar Diinaan dhimma balaa dhohiinsaa Beeruut fi rakkoo lammiilee Itoophiyaa mudaterrattis yaada kennaniiru. Balaa kanaan lubbuun lammii Itoophiyaa tokkoo darbee sagal ammoo mada’aaniiru jedhan. Kanneen miidhaan cimaa fi salphaan irra ga’e salgan isaaniiyyuu wal’aanamaa jiru jedhan Ambaasaaddar Diinaan.
oduu-55190118
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55190118
Lola Tigray Itoophiyaa: MM Abiy maaliif waraanasaa lolaaf bobbaasee?
"Waraanni kan namoota hamooti. Namoota gara-jaboo fi akka bineensaa ta'aniifidha'' jedhanii turan MM Abiy Ahimad haasaa waggaa tokkoon dura wayita badhaasa noobeelii nagaa fudhatanii taasisaniin.
Waggaa tokko booda ofumaanu biyya isaanii keessatti waraana labsan. Baatii tokkoon dura ture humnootiin TPLF izii waraana federaalaa naannichatti argamu irratti haleellaa raawwateera jechuun raayyaan ittisaa gara Naannoo Tigraayiitti akka duulu kan ajajan. TPLF kan duraan riphee loltoota turaniifi bara 1991tti gara aangootti dhufan, erga bara 2018 MM Abiy aangoo qabatanii booda gara naannoo Tigraayiitti deebi'an. Abiy deeggarsa ummataa guddaan kan MM biyyatti ta'an, dararaa fi malaammaltuummaa baroota 27 TPLF aangoorra ture biyyattii mudate geeddaruuf riiformiiwwan adda addaa gochuutti seenan. Poolisiin nama MM Noobeeliif kaadhime hidhuuf... Tarkaanfii waraanaa MM Sadaasa 4 humnootii ''juntaa'' jedheen irratti fudhachuuf labse lammiileen biyyatti hedduun gocha birmadummaa biyyaatii eeguuti jechuun duukaa hiriiran. Haa ta'u malee namni hundi tarkaanfii mootummaan "olaantummaa seera kabachiisuufi'' ittiin jedhu kana namni hundi hin deeggarre. Kanneen tarkaanfii waraanaa kana qeeqan keessaa tokko kan ta'e hayyuu UK bu'ureeffatanii fi kan MM Abiy badhaasa Noobeeliif kaadhiman Dr Awwal Aloo irratti poolisiin Itoophiyaa ajaja hidhaa baase. Yuunivarsitii Kiil UK jirutti barsiisaa seeraa kan ta'an Awwal Aloo, poolisiin Itoophiyaa ''midiyaalee idil-addunyaa fayyadamuun biyya diigaa jira'' jechuun isaan yakkuu gabaasa miidiyaa mootummaa Itoophiyaa irraa akka dhagahan himu. Kunis barreeffamoota isaan barreessanii fi gaaffiif deebii midiyaalee akka Al Jaaziraa fi BBC waliin taasiseean caqasuun akka ta'e himu. ''Ammaan kanatti na hiidhuuf ajajni narratti bahe ani beeku hin jiru, garuu gara Itoophiyaatti deebi'uun balaa olaanaa qaba,'' jedhan Dr Awwal BBC'n wayita gaafate. ''Haala garaagaruummaa ilaalchaa fi mormii ittiin ilaalaniin bulchiinsa Abiy fi bulchiinsa duraa jidduu garaagarummaan hin jiru. Mormiitoota fi kanneen mootummaa yaadaan qeeqan seera akka meeshaatti fayyadamuun gatii dhabsiisuu fi afaan qabsiisuun amala biyya Itoophiyaati," jedhu. 'Abbaa Irrummaa TPLF' Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) kan Jeenev jiran, Dr Teediroos Adhaanoom mataan isaanii qeeqa jalaa hin baane. Doktarichi duraan motummaa TPLF tajaajilaa turan kun, ajajaa waraanaa Itoophiyaatiin 'paartiichaaf meeshaa waraanaa bituuf yaalaa jira' jedhamanii himatanii ture. Dr Teedroos garuu, ''Biyya kiyya Itoophiyaaf onneen kiyya na cabeera. Qaamooleen hundinuu nagaaf hojjachuun nageenya lammilee nagaa fi tajaajilli fayyaa akkasumas deeggarsi namoommaa akka argamu akka mirkaneessaniif waamichan taasisa'' jechuun deebii kennan. Lola kanarratti qaama tokko waliin hin dhaabbanne jedhan Dr Teediroos. Lammilee Itoophiyaa gara Sudaan baqatan Barsiisaan Yuunivarsitii Gondar Minyaahil Masarat ammoo mootummaa deeggaruudhaan, kanneen ''motummaa abbaa irree'' TPLF waliin hidhata qaban qofatu irratti xiyyeeffatame jedha. ''Abiy erga gara aangootti dhufee marsariitiiwwan 264tu saaqamee. Wanti amma Itoophiyaa keessatti ta'aa jiru ammoo haala dimokiraasiif mijatu miti. Biyyaaf balaatu jira, biyyi haala akkasi obsaan bira darbu hin jiru,'' jedha. Dr Awwal gama isaanitiin, dhimmichi eenyutu rasaasa jalqabaa dhukaasee kan jedhu miti, waranaaf kanaaf ka'uumsi wal-diddaa duraan turedha, qaamooleen lamaanu lolaaf qophaa'aa turan jedhu. ''Kan barbaachisu motummaa obsaan hoggnanuu fi kan nagaa fi jaarsuummaaf carraa kennuudha. Dhugaansaa Abiy waamichawwan jaarsuummaa kan Gamtaa Afriikaa dabalatee dideera." "Abiy bara 2019tti TPLF kaabinee keessaa baasee. Achinis filannoo biyyaalessaa sababii Covid-19tiin yeroo biraatti akka darbu taasise. Isaan boodas TPLF filannoo mataasaanii sadarkaa naannootti gaggeeffatan. Abiyiis beekkamtii akka hin kenniineef himan. Kanatu gara waraanaatti isaan galche'' jedhu Dr Awwal. Motummaan federaalaa filannoon biyyaaleessaa sababii koronaavaayirasiitiin yeroo biraatti akka darbu ta'e jedha. Haa ta'u malee qeeqxonni isaa yeroo aangoo dheereffachuuf akka sababaatti fayyadaman jechuun himatu. Akkasumas ajjeechaa Hacaaluutiin wal qabatee ''Adooleessaa darbee irraa qabee namoonni 10,000 ta'an hidhamaniiru. Tarii sababii lola Tigraayiin walqabatee lakkoofsi kun kana caalu danda'a amma'' jedhu Dr Awwal. ''Dirreen siyaasaa deebi'ee cufameera, qondaaltoonni siyaasaa bebbeekamoon hidhaa galaniiru, Lammaa Magarsaa kan Abiy bara 2018tti akka MM ta'uuf gahee olaanaa taphate manatti hidharra jira,'' jedhu Inistiitiyuutii Nagaa Yunaayitid Isteetsitti gorsaa olaanaa kan ta'an Paaytan Knopf. Kanarratti ilaalcha addaa kan qaban Obbo Minyaahil ammoo, Abiy bulchiinsa abbaa irree dhabamsiise jedhu. ''Paartiilee siyaasaa hin balleessine. Sirna mana hidhaa fooyyesseera. Namoonni biyya baqaarraa gara biyyaa akka galaniif heeyyeme. Rakkoon jiru namoonni siyaasaa muraasni sabummaa ka'umsa godhachuun jeequmsa kakaasaan," jedhan. "Duula tokko irratti hanga namni ajjeefamee fanniifamu gahame. Kan akkasii hin jiru. Bara 2018tti namoonni bakka jireenyaa isaanii buqqaa'an miliyoona 1.8 ture, kunis Afriikaatti isa olaanaadha. Kanatu biyyattii balaarra buusaa jira,'' jedhu Obbo Minyaahil. Abiy - Mootii haaraadhaa? Itti dabaluunis sirni ''federaalaa saba bu'uurreeffate'' kan TPLF bara 1991 wayita aangootti dhufte ittiin naannoolee hundeessite madda walitti bu'iinsaatii jedhan. "Federaalizimiin saba bu'ureeffate madda rakkina keenyaati. Saboonni naannoo mataa isaanii akka qaban akka amananiifi, kan saba biraa irraa dhaqe jiraachu akka hin dandeenye taasise. Ni ari'atamta, ni gubamta, ni ajjeefamta'' jedhu Obbo Minyaahil. Qeeqxonni Abiy garuu sirna feederaalaa diigun isaa gara 'bulchiinsa moototaa'' kan akka bara Minilikii lammaffaa hanga Haayilasillaasee sana kan itti, hawaasni aadaa Amaaraatti akka 'madaqan' taasifaman sanatti deebiisuufi jedhu. ''Mul'anni Abiy irra caalaatti caasaa aangoo Itoophiyaa baratamaa ta'e, kan irra caalaa Amaaraa fi Oromoota aadaa Amaaraatti madaqan jiddugaleessa godhatuun wal fakkaata" kan jedhan ammoo Inistiitiyuutii Qorannoo Dhimmoota Gaanfa Afriikaa US bu'urreeffate Obbo Faayisal Roobleeti. Miniliik bara 1889 hanga itti du'an 1913tti Itoophiyaa bulchan. Kunis suuraa bara 1896 Waraana Adawaatti kaafameedha "Abiy Minilik leellisa. Masaraa isaas deebisee ijaare. Deebiseen Itoophiyaa guddoo taasisa jedha. Garuu Itoophiyaan inni ifaarsu kun kan saboota cuneursaa turtedha. Motii inni akka goota olaanootti ilaaluu, kaan akka garboomsaa fi weeraraatti ilaalu,'' jedhu Obbo Faayisal itti dabaluun. 'Ajjeechaawwan haa dhaabsifnu' MM Abiy dhaaba gamtaa paartiilee afurii ta'e, bara 1991 irraa kaasee biyya bulchaa ture fi isummalleen bara 2018tti aangootti fide ADWUI diiguun, paartii Badhaadhinaa hundeessuuf murteessuun isaanii sodaa sira duriitti deebi'uu saboonni qaban jabeesse jechuun himu Obbo Faayisal. ADWUI naannoolee biyyattii 10 keessaa paartilee naannoolee afurii qofa hammata. Kanaafu paartii haaraa hundeessuun Abiy aangoosaa naannoolee hundarratti babal'ifate Tigraay alatti. ''Lola kanaan ammoo amma Tigraayis qabateera,'' jedhu Obbo Faayisal. ''Abiy wayita aangootti dhufeetti ummanni kan isa irraa eegaa ture kanaan waan faallaa ta'eedha. Dirreen siyaasaa bal'ate, mirgoonni aadaa fi afaan ummata Itoophiyaa hundi beekkamtii caalaa akka argatuu ture. Garuu inni sirna federaalaa osoo hin taane, sirna hunda bakka tokkotti fidu filate.'' Obbo Minyaahiliif ammoo Ministirri mummee Abiy, siyaasaa hirmaachisaa fi saba kamiifuu rakkoo miti. ''Tokko ta'uu jechuun enyummaa saba keetii kan waggoota kumaatamaaf ture sana ni dhabda ykn ni dhoksita jechu miti. Kan Abiy jechaa jiru 'haala namoonni siyaasaa waa'ee saba isaanii qofaa yaadan keessaa haa baanuudha. Ajjeechaawwan haa dhaabsifnudha." "Waa'ee biyya keenya Itoophiyaa yaaduun, akka obboleessaafi obbooleettiitti waliigalteen haa jiraannu," kan jedhu jedha. Kabaja Ayyaan Adawaa irratti "Paartiin Badhaadhinaas sana gochuuf kaayyeffata. Siriiyyuu gareewwan sabaa kan akka Somaalii ADWUI'n alatti dhiifamanii turan hunda bakka tokkootti fida'' jedha Minyaahil. Biyya akka Itoophiyaa ilaalcha gargar fagaatu qabdu keessatti, mootummaan "tooftaawwan mufannaan siyaasaa ittiin furamu'' kaa'utuu barbaachisa jedhuu Obbo Knopf. ''Biyya waan haaraa tokkotti geessuuf adeemsi irratti waliigalame hin jiru. Marii haala qindaa'een gaggeessuu barbaachisa. Garuu wayita aanga'oonni siyaasaa mana hidhaa jiraniitti sana gochu hin dandeessu,'' jedhu. Yaaduma kana kan fakkaatuun Dr Awwal akkas jedhan: ''Ce'umsi hammataa ta'u qabaata. Paartii tokkicha qofaan kan himamu ta'uu hin qabaatu. Abiy nama aangoon irraa maddu ta'u barbaada.'' Qabxiiwwan ijoo waa'ee MM Abiy: MM Abiy badhaasa Noobeelii kan argatan walakkaan sababii yaalii Itoophiyaa gara dimokiraasiitti ceesisuuf taasisaniif yoo ta'u, irra jireessa waraana sababii daangaatiif Eertiraa fi Itoophiyaa jidduutti 1998-2000tti gaggeeffamee ture pireezidaantii Eertiraa Isaayaas Afawarqii waliin waliigaltee nagaa irra gahuu isaaniif ture. Abiy badhaasni kennamuufin ''yeroosaa hin turree'' ilaalcha jedhu kan qaban Knopf, ''daangaan yeroof saaqamee ture deebiifamee cufameera, waliigaltee nagaa irratti sanadni barraa'ee homtu hin jiru. Abiyiifi Isaayaas jidduutti qofaa wal hubannoo dhuunfaa jiru ture. Nagaan kan itti fufuu ammo haala akkasiin miti,'' jedhan. Badhaasa Noobeelii 'haaduu qara lamaati' Xinxalaan Ameerikaa bu'ureeffate kan biraa Aleeksi De Waal gama isaatiin, waliigalteen nagaa Abiy fi Isaayaas jidduu 'waliigalte nageenyaa' TPLF mo'achuu fakkaata jedhu. ''Eertiraan lolicha keessatti gahee olaanaa qabdi. Loltoonni Eertiraa birgeedii 20 Tigraay keessatti akka argaman gabaasoonni jiru. Loltoonni Itoophiyaas akkasuma gara Eertiraatti baafaman'' jedha. Motummoonni gama lamaanu loltoonni Eertiraa Tigraay seenu isaanii haalan illeen. "Kanaafu, Dr Awool Abiy badhaasa Noobeeliitiif filuutti ni gaabbuu? "Osoon waan amma beeku kana yeroo sana baree ture hin raawwadhun ture. Garuu Noobeeliin haaduu qara lamaati. Noobeeliin beekkamtii siyaasaa sii kenna, garuu ammoo yoo looreetii Noobeelii waraana labsite ta'uun beekkamte akkasuma itti gaafatamummaas qabaachu danda'a," jedha.
oduu-43482111
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43482111
Masriin taaksiin Ubar akka hinhojjenne dhowwite
Manni murtii Masrii fayyadama Ubarii fi Kaareem uggure; akka dhabbata oduu AFP'tti.
Manni murtii biyyattiis mootummaan hayyamni hojii Ubarii fi Kaareem biyya Masrii keessatti akka hinkennamne dhaabuuf gaafii dhiheesee ture fudhachuun kan murteesse ta'uus AFPn ibseera. Kunis kan ta'e konkolaachiftoonni taaxii biyyatti hayyama geejjiba ummataa argachuuf kafaltii guddaa akka baasan ibsuun warri Ubarii fi Kaareem irraa garu kun hineegamu jechuun komii dhiheessaniin ta'uun bekameera. Ejansiin oduu kun itti dabaluunis lammiilee Masrii kanneen konkolaachiftoota taaksii safartuu dheerina daandii ykn mijjeessitu qilleensaa hojachiisu didan akka appii geejjibaatti geedaran taasisafaman. Konkoolaachiftoonni taaxii meetirii fageenya lakkaawuu fi meeshaa qilleensa qabbaneessu banuu diduu isaaniin kan mufatan lammiwwan Masrii gara fayyadama Ubeerii fi Kaareem akka dhaqan ta'aniiru, jechuun dhabbanni oduu kun dabalee ibseera.
oduu-50259417
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50259417
MM Abiyyi Ahimad qabsoo Oromoo ni dagataniimoo milkeessuudhaaf dhama'aa jiru?
Ministira Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni dhaaba ODP hookkara torban darbe Naannoo Oromiyaatti mudatee lubbuu namoota 78 galaafatee walqabsiisanii godinaalee garaa garaatti imaluun ummata waliin marii gaggeessaa turan.
Marii nageenyaa Kamisa magaalaa Ambootti taasifameen MM Abiy Ahimadiifi Obbo Lammaa Magarsaa irratti kan argaman yoo ta'u, qaamolee hawaasaa godina Shawaa Lixaafi naannoo ishee marii kanarratti argamaniiru. Waltajicharrattis gaaffiin abbaa biyyummaa magaalaa Finfinnee, nageenyi Oromiyaafi Afaan Oromoo afaan Federaalaa ta'uu qaba kanneen jedhan ijoo turan. Hirmaattonni marii kanaa kan jedhan keessaa... Namni gaaffilee ka'an keessaa tokko gaafatee ture ana jedhu akkas jedhe: "Maal isa goonaan mootummaan ilmaan keenya nu jalatti fixa? Gaafa ministirri muummee badhaasa argatee hiriira deggersaa baate. Jawaar ammoo ni ajjeefama, ni hidhama jennaan mormii baate malee waan tokkoyyu hin tuqine. Kanaaf, maaliif ijoolleen keenya nu jalatti dhumti? Jaarsi waggaa 85 akkamitti du'a? Yeroo diinni nu ajjeesaa turellee namni keenya akkanatti hin duune." Hirmaattonni kunneen tibba kana hiriira aggaammii Xiixalaa Siyaasaa Obbo Jawaarirratti yaadame mormuuf bahameen walqabatee uumame akka hedduu isaan mufachiise kaasu. Yeroo gammachuus ta'e mufii qaban hiriira bahanii karaa naga qabeessa ta'e dhiyeeffachuun mirga isaanii ta'ee osoo jiruu, qaama nageenyaa dabalatee kanneen fedhii addaa qabaniin hokkaratti jijjiiramuun waan hin malledha jedhu. "Dhiiga dhangala'e, badii ijoollee keenyarra ga'e, badii margituu keenyarra ga'e, miidhaan dhaloota booruurra ga'e nu gaddisiiseera. Nu dallansiiseera," jedhu namni biroon waltajjii marii kanaarratti hirmaatan. Dhimma kana ooltanii osoo hin buliin ogummaadhaan duukaa buutanii warri yakka kana raawwatan seeratti akka dhiyaatanii adabamaniif gaafataniiru. Jiraattuun magaalaa Amboo marii sanarratti hirmaatte biraa Ayishaa Mohaammadidha. Gaaffiiwwan ummata Oromootiin ka'an akka Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa gochuufi abbaa biyyummaan Finfinnee deebii argachuu akka qabu ka'uu dubbatti. "Ummanni gaaffii biroo akka Finfinneen kan eenyuuti? Finfinneen kan keenyadha maaliif hin jennee? Akkas jechuudhaaf eenyuun sodaattu? Kanaaf ammas waa'een Finfinnee maalidha Oromoodhaaf?," kanneen jedhan ka'aniiru jetti. Deebii aanga'oota mootummaa Marii Amboo kana kan gaggeessan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimadiifi Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa namoota Obbo Jawaar Mohaammad irratti yakka yaadanirattis ta'e humnoota nageenyaa mootummaa magaalaa Ambootti namoota nagaa ajjeesanirratti tarkaanfii seeraa akka fudhatan dubbataniiru. Gaaffii dhimma abbaa biyyummaa Finfinneerratti ka'eefis aanga'oonni kunneen deebii kennaniiru jedhan hirmaattonni walga'ichaa BBC Afaan Oromoo dubbise. Waa'ee gaaffii Finfinnee itti deemaa jirra jechuu aanga'oota kanaa ibsanii, Finfinneen keenya ta'uu mirkaneessinee waggoota 150 booda achitti deebinee irreeffachuu dandeenyeerra jechuun deebii kennaniiru akka hirmaattota kanaatti. Waa'ee gaaffii Afaan Oromoo afaan hojii Federaalaa akka ta'u jedhamees yeroo deebisan, dhibbentaa 90 irra jirra waan ta'eef yeroo dhiyoo keessatti ni deebisan jedhan. Galma keessatti marii, alarraammoo mormii Yeroo aanga'oonni kunneen hawaasa waliin Amboo mooraa Hoteela Abbabach Mattaafariyaa keessatti gaggeessaa turanitti, dargaggootni hedduun ''down down ODP'' jechaa mormii dhageesisaa turan jedhu jiraataan magaalittii tokko BBC'tti yeroo himan. Dargogoonni hedduun sagalee mormii dhageessisaa turanis maaliif marii ture sanarratti carraa argannee gaaffii keenya hin dhiyeeffannu kan jedhus ture. Namoonni akka aanga'oota kunneen waliin mariyataniif filatamanis karaa ifa ta'een waan hin taaneef nuun bakka bu'anii gaaffii hawaasichaa nuuf dhageessisuu dhiisuu malu jedhu namoonni BBC Afaan Oromoo dubbise. Dargaggoon tokko akkas jechuun mufii qabu ibsata: " Nuti sagalee keenya seennee yoo hin dhageessifannee, rakkoo as jiru yoo itti hin himannee, jarri kun eenyu waliin mariyatuu? Kaabinee waliin kanaan duras mariyatamaa ture. Ammas kaabinee ol seenee isaan faarsee, isaan jajee galuudhumaaf deema. Nuti ammoo rakkoo nurra jira, rakkoo akka sabaatti Oromoofi Oromiyaarra jiru kaafne itti himna yoo furmaata kennuu danda'u ta'e." Maaliif nu seensisuu diddu jedhanii ijoolleen qawwee hin sodaannu, qawween jilbeeffachiisuun hin dand'amu jedhan. Gochi Oromoofi Oromiyaa irratti yeroo hunda ta'aa jiru gocha sirrii miti. Garamitti akka jijjiiramni jedhame kun deemullee ummanni sirriiti adda baafachuu akka barbaadu gaafataa turuu nutti himan dargaggoonni Amboo kun. Hokkora gidduu kana dhalateen maanguddoo waggaa 80 dabalatee namoonni jaha magaalaa Ambootti ajjeefamaniiru. Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa akka ibsetti guyyaa Roobii darbes Ministirri Muummee Abiy Ahimadiifi Ministirri Raayyaa Ittisaa Obbo Lammaa Magarsaa magaalaa Harar galma Calanqootti marii gaggeessanii turan. Hirmaatonnis godinaalee Harargee lameeniifi bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa, akkasumas Naannoo Harariirraa babbaahanis gaaffi jajjabduu kaasanii turan. Mariin nageenyaa kun magaalota Oromiyaa biroo keessattis taa'ama tureera. Ofi mariin nageenyaa kun hangam barbaachisaadha? Yeroon itti gaggeeffamuu malu ammoo maal ta'uu qaba? Dhimma kanaaafi Dr. Abiy Ahimad qabsoo Oromoo garamitti geessaa akka jiran Dr. Biraanuu Leenjisoo gaafanneerra. Mariin aanga'oonni kunneen qaamolee hawaasaa waliin taasisan barbaachisaa ta'uu kan himan Dr. Birhaanuun, gochuun erga hin hafnee garuu osoo rakkoon hin uumamiin dura ta'uu mala jedhu. "Akka mootummaatti karoora baafattee, tarsiimoo qabaattee rakkoo ummataa hiikuudhaaf hojjechuudha malee bakkuma ibiddi ka'etti ummata walitti qabanii kadhachuun kun baramaadha sirna kana keessatti." Akka Dr. Birhaanuun jedhanitti, [ODPO] waggoota 27 keessatti kan ittiin beekamu waanuma kanadha; yeroo baayyee deemanii jaarsummaa taa'uu, ummata kadhachuu, waadaa galuu garuu booda ammoo waadaa sana hojiitti hiikuu dhabuun kun wanuma barame waan ta'eef aadaa barame kana osoo itti fufsiisuu dhaabanii namatti tola. Jijjiirama jechuun jedhan Dr. Birhaanuun, wanta kanaan dura rakkoo uumerraa adda bahuudhaan waan addaa hojjechuu ta'uu qaba. Yeroo marii hawaasa waliin gaggeessanis kaabinootuma isaan deggeran waliin qofa taasisuun rakkoo uumame hubatanii furuurrattillee sirrii miti, jedhan Dr. Birhaanuun. "Aanga'oonni ol-aanoon odeeffannoo kan argatan kaabineerraati. Kun garuu yeroo baayyee odeeffannoo dogogoraati sababiin isaas, isaan irraa dabsanii biraan ga'aa turan. Kanaafuu, [kaadiree] qofa dubbisuun ykn nama isaan deggeru waliin haasa'uun hubannoo bal'aa akka hin arganne gochuu danda'a. Wanta dhugumaan lafarra jiru akka hoggantoonni ol-aanoon hin hubanne godha. Kaabinee qofaa ykn miseensa dhaabaa waliin haasa'uun gaaffii namoota miseensa hin taane kan hammatu waan hin taaneef sirrii natti hin fakkaatu," jedhu. Mootummaa jechuun kan warra isa deggeruu qofa osoo hin taane kan warra mormaniitis waan ta'eef hundarraayyu yaada fudhachuun akkaan barbaachisaa ta'uus dubbatu. Dargaggoonni Ambotti mormaa turan sagalee dhageessisaa turan keessaa tokko Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad waadaa keenya nu ganeera kan jedhu ture. Dr. Abiy qabsoo Oromoo ni dagatanimoo milkeessuudhaaf dhama'aa jiru? Haalli Ministirri Muummee Abiy itti jiran gaaffii ummata Oromoofi qabsoo Oromoo kan dagatanidhamoo milkeessuudhaaf kan dhama'an isinitti fakkaata gaaffii jedhuuf Dr. Birhaanuun akkas jedhu. "Isarratti ani shakkii tokkollee hin qabu. Gaaffii saba Oromoo dhugoomsuudhaaf akka hojjetan waan tokko hin shakku akka nama dhuunfaa tokkootti''. Gaaffiin Oromoo tokko tokkoon ka'aa turan sun bifa kanaan dura tureen, caasaa kanaan dura tureen, ilaalchaafi yaada kanaan dura tureen deebisuun baay'ee walxaxaa waan ta'eef bifa haarawaan, bifa gaaffii sana hammatuun [accomodate] of ijaaruudhaan maloota adda addaa baasuudhaan deebisuudhaaf tattaafataa akka jiran dhugumaan hubachuu danda'eera jechuu nan danda'a,'' jedhan. ''Shakkiimmoo irraa hin qabu. Dhugumaan ummata kana ganuudhaaf hojjetan jedhee abjuumaanuu yaadee hin beeku. Sanas waan godhan natti hin fakkaatu," jechuun dubbatan.
oduu-43615902
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43615902
Tarkaanfiin qaraxa dabaluu Chaayinaan Ameerikaarratti fudhatte dolaara bln 3tti tilmaamama
Chaayinaan omishawwan Ameerikaatii biyyashee galan kan akka fooniifi wayinii dabalatee 128 ta'anirratti qaraxa hanga dhibbantaa 25 keesse. Kunis tarkaanfii erga Pirezidantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi sibiilaafi aluminiyeemii Chaayinaarraa Ameerikaa galanirratti jalqaba ji'a Bitootessaarraa eegalanii qaraxa ol kaasanii boodadha.
Wayiniin Ameerikaa omishawwan tarkaanfii qaraxaa haaloo Chaayinaan fudhatteen miidhame keessaa is tokko Qaraxni kun Wixata arr'aarraa alaaa galan Dolaara biliyoona saadiitti tilmaaman miidhuu danda'a. Beejingi tarkaanfichi miidhaa qaraxa haaraa Ameerikaan fudhattefeen uumamuu danda'u keessatti "fedhaawwaniifi madaallii Chaayinaa eegsisuuf" jetti. Chaayinaan waraana daldalaa keessa galuu hin barbaadu garuu yeroo dinagdeen biyyattii miidhamu taa'ee hin ilaalu jechuunshee ni yaadatama. Tiraampi garuu "waraanni daldalaa gaariidha" jedhanii Ameerikaadhaaf mo'achuun salphaa ta'uu qaba. Aanga'oonni Ameerikaa qaraxawwan biroo omishawwan Chaayinaa Dolaara biliyyoona kudhan ta'an biroo irraattis akka karoorfatanii jiran gabaasaan BBC Cheriis Baakler Waashingitenirraa gabaaseera. Aanga'oonni kun akka jedhanitti tarkaanfiin Ameerikaan fudhatte hojii daldalaa walqixa hin taane Chaayinaan adeemsisaa jirtu kan kubbaaniyoota Ameerikaa hedduurraa miidhaa geessiseef deebii kennuufidha. Tarkaanfiin fudhatamaa jiru kun biyyoota kana lamaan morkii keessa seensuun ammallee lola daldalaa itti fufu ta'uu akka danda'u gabaasaaan keenya dabalee addeesseera. Omishaawwan akkamiitu miidhama? Aluminiyeemiifi foon taarifa duraan jirurratti %25 kan ta'u dabalataan irra ni kaaa'ama. Akaakuuwwan nyaataa Ameerikaa kan akka ocholooniifi kuduraa qophaa'eefi wayiniin dabala qaraxaa %15 ta'uun ni miidhama. Sibiilli maraanis haaluma walfakkaatuundabala qaraxaa %15 ta'u irra kaa'amuuf jira. Kun maaliif ta'e? Chaayinaan akka jettutti tarkaanfiin haarawaa fudhatame kun haaloo murtee Tiraampi omisha aluminiyeemiifi sibiila biyyasheerraa galchiturratti qaraxni akka dabalamu dabarsanidha. Dabaluun qaraxaa kan caalullee gara fuula duraatti eegamuu mala. Doonaadli Tiraampi qaraxni daldala walcaalaa biyyasaaniifi Chayinaa gidduu jiru xiqqeessuudhaaf fala akka ta'utti amanu Ameerikaan dorgommii daldalaa qajeelaa hin taane dinagdee Chaayinaa mootummaadhaan gaggeeffamu dura dhaabbachuudhaaf hojjechaa jiru.
oduu-52006110
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52006110
'Keeniyaa iddoo namoonni koronaavaayirasiin shakkaman tursiifamanitti wanta na mudate'
Gaazexeessituu BBC kan taate Firaafooli Dhugaasa Naayiroobiitti mallattoo koronaavaayirasii qabda jedhamtee guyyoota lamaaf hospitaala biyyaaleessa Keenyaatta Imbagaatii jedhamu turte. Turtii guyyoota lamaafi hanga bu'aan qorannoo ishee beekamuutti yaaddoofi sodaa keessa turte barreessiteetti.
Wiixata Bitootessa 16 buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee irraa ka'een gara magaalaa Naayiroobii qajeele. Naayiroobii buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Jomoo Keenyattaa kanan gahe galgalaa nannoo sa'aatii 12:30(6:30pm)'tti yoo ta'u imaltoonni hundi hiriiranii ho'i qamaa isaanii ilaalamee dabarfamu. Dabareen koo ga'ee yeroon ilaalamu ho'i qama koo digirii seelshiyasii 37.7 ta'e. Kuni kan baramaarra xiqqoo kan ol ka'e ture. Tarii wayyaa furdaa wanan uffadhee tureef dhaqnikoo ho'ee jedheen yaade. Qondaalonni buufata xiyyaarichaa ho'a qaamaa safaraa turan hanga namoota kan ilaalanii fixanitti hiriira irraa adda ba'ee qofaakoo akkan ta'u natti himani. Turtii daqiiqaa 20 booda qondaalli biraan dhufee deebisee ho'a qamaakoo yeroo ilaluu ammas akkuma ol ka'etti jira. Yeroo kanatti guyyaa tokkoof waan akka utaalloo wayii na dhukkubaa waan tureef tarii koronaavaayirasii kana qaba ta'innaa kan jedhu yaaduun eegale. "Iddoo ani taa'utti siquu sodaatu ture" Amma maaltu ta'a jedhee yeroon qondaaltota gaafadhu ogeessi fayyaa dhufee akka na ilaalu natti himanii barcuma nannoo sana jirurra ta'ee eeguun eegale. Daqiiqaa muraasafan eega jedhe kanan yaade gara sa'aatiitti geddarame. Irra deddebiin ogeessi fayyaa jettan yoom dhufa jedhe yeroon gaafadhu 'daqiiqa xiqqoo booda' deebi jedhu naaf kennu ture. Yeroo kanatti maatiikoo Itoophiyaa jiran waliin hedduu haasa'aa turre. Ana caalaa guddaa yaadda'anii waan turaniif yaddoo isaanii hir'isuuf qosaa adda addaan itti haasa'aan ture. Keessa kotti garuu yoo vaayirasichaan qabamuun koo mirkanaa'e maatii koo dabalatee namootan tarii vaayirasicha itti dabarsuu malu yaaduun eegale. Daa'ima ganna 2 obboleettii kooti, abbaafi haadhakoo, hiriyyootakoofi namoota biroo isaan ammoo waliin wal argan. Hospitaala biyyaalessaa Kenyaattaa Imbagaatii, kutaa namonni shakkaman tursiifaman Nannoo sa'aatii tokkoofi walakkaa booda oggeeyyiin fayyaa dhufanii maal akka natti dhaga'amu, biyyan itti imalee ture na gaafatanii hoggantoota isaani waliin mari'achuu akka qaban natti himanii deebi'anii deeman. Yeroon itti ani isaan eeguu dabalaa akka dhufeen caalaatti rifachuufi sodaachuun eegale. Hojjattoonni buufata xiyyaara keessa turan iddoo ani taa'utti siquu sodaatu ture. Hojjettonni biroolle karaakoo akka hin dabarre walitti himu. Imaltoonni biyyaa adda adda irraa dhufanis yeroo iddoo ani qofaa taa'aa ture bira darban, akkaataa isaan itti na ilaalan xiqqoo nama rifachiisa ture. Dhumarratti galgala nannoo sa'aatii 4:45(10:45pm) ambulaansiin dhufee gara hospiitala biyyaaleessa Keenyaatta Imbagaatii jedhamu na geessan. Turtii halkan lamaafi yaaddoo bu'aa qorannoo Hospitaalli kun kan biyyattiin namoota koronaavaayirasiin qabaman ykn ammoo shakkaman adda baaftee keessatti wal'aanuuf qopheessitedha. Gara kutaa cisichaattii yeroo isaan na geessan namoota quqqufa'an nan dhaga'an ture garuu namoota vaayirasicha qabaachuun isaani barame haa ta'u kanneen qorannoof dhufan ta'u hin barren ture. Kutaa namootni ana dura achi ga'an lamaa keessa jiranitti siree ciisichaa naaf kennaani. Halkan sana maskii funyaaniifi afaan ittiin haguuggatan utuu ofirraa hin baasiin akkuman haguuggadhetti rafee bule. Koronaavaayirasiif qorannoon akka naaf taasifamu natti himamullee hanga dhufanii saamuda qorannoo sanaaf barbaadu fudhatanitti eeguun hedduu yaaddessaa ture. Kan saamudi narraa fudhatan Kibxata waaree booda yoo ta'u, kan isaan bu'aa qorannoo kooti natti himan ammoo Roobii ture. Kanaaf guyyaa lamaaf achii buluunkoo dirqama ture. Guyyootni lamaan kuni guyyaa miixuu ture. Vayirasichaan qabameeramoo hin qabamne kan jedhu yaaddoo guddaa ture. Osoon bu'aa qorannoo kooti eegaa jiruu, mootummaan biyyattii namoonni dabalataa sadi vaayirasichaan qabamuu isaanii mirkaneesse. Oduu kana wayitan dhagahu ammoo sodaafi yaaddoon koo daranuu dabale. Sababni isaas namootni kun gamoo hospitaalaa ani keessa jiru keessa turan, tarii ammoo darbii ykn kutaa ani keessa ture keessas ta'uu danda'u. "Akka ba'aan guddaa narra bu'eetti natti dhaga'ame" Anis ta'e namootni qorannoof dhufanii ana waliin achii turan sababa kanaan akka malee yaaddofnee turre. "Yeroo hospitaala dhufnu fayyaa taane erga as dhufnee vaayirasichi nu qabeera ta'innaa?" "Erga saamuda kennine booda yoo vaayirasichi nu qabeera ta'eewoo?" yaadotni akkanaa sammuu kootti dhufuu eegalan. Osoon kana buusee baasuu bu'aan qorannoo koo dhufee koronaavaayirasii irraa bilisa ta'uun koo natti himame. Aritiin mi'a koo sassabadheen gamoo sana keessa ba'e sababiin isaa dura gadi ba'uun nuuf hin eeyyamamu ture. Raagaa waraqaa hanga naaf kennanitti eeguun narra jiraatullee gamoo sanatti ol deebi'uu waan hin barbaadneef hanga galgalaatti bakkee aduu keessa ta'aan ture. Koronaavaayirasii irraa bilisa ta'uun koo akka ba'aan guddaa narra bu'eetti natti dhaga'ame. Maatiikoofis bilbilee hin yaadda'inaa jedheen itti hime. Guddaa gammadani. "Torban lamaaf akkan namarra adda of baasee mana turuu qabu natti himame." Gara manaatti deebi'uukoon dura doktariin torban lamaaf namarra adda baasee mana turuu akkan qabu, yoo mallattoon dhukkubaa dabalataa natti dhaga'ames gara hospitaalichaa akkan deebi'u erga natti hime booda gara manakootti gale. Torbee tokko darbe osoo manaa hin bahiin, nama waliinis osoo wal hin argiinan jira. Mana ta'anii hojii hojjachuu yaada gaarii fakkatus, baay'ee ulfaataafi yaddeessaadha. Ammallee ergan saamuda kennee tarii hospitaalichaa keessatti koronaavaayirasin na qabateera ta'innaa kan jedhu nan yaadda'a. Garuu gaarii yaaduu wayya kan jedhuun torbee tokko na hafe manuma turee of eeggachuu itti fufeen jira.
oduu-52817928
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52817928
Kalaqa: Dargaggoota moosaajii dhukkuba biqiltootaa himu kalaqan
"Namni yoo dhukkubsate dhukkuba isaa ofiif himachuu danda'a. Yoo ofif himachuu hin dandeenyelle namni biraa isaaf dubbachuu danda'a. Biqilootni garuu ofii isaanitiin dubbatachuu waan hin dandeenyef maashina isaaniif dubbachuu danda'u kalaqneerra" jedha dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa.
Dargaggootni lamaan teesson isaanii magaala Jimmaa ta'e dhibeewwan biqiloota miidhanii omisha qonnaa xiqqeessan yaaddoo itti ta'uu himu. Yaaddoo isaanii fi kan qonnaan bultootaa furuuf immoo moosaajii dhukkuba biqilootaa beekuu dandeessisu hojjechuu erga eegalanii bubbulaniiru. Jireenyi namaa biqiltuu irratti hundaa'a waan ta'ef mosaajin isaan kalaqan biqiltuu qofa osoo hin taanee namas akka fayyadu dargaggootni kunneen himu. Dargaggootni Kun Eenyu? Dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa fi Boo'ez Birhaanuu Yunivarsiitii Jimmaatti barattoota digrii lammaffaati. Dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa digrii jalqabaan mummeewwan barnootaa 'Civil Engineering' fi 'Computer Science' barate. Digrii lammaffaa isaammoo mummeewwan barnootaa lama, 'Computer Networking' fi 'Project Management and Finance' jedhaman Yunivarsiitii Jimmaatti barachaa jiraachuu hima. Hiriyaansaa dargaggoo Boo'ez Birhaanuu immoo digirii jalqabaasaa Yunivarsiitii Jimmaatti muummee barnootaa 'Electrical Engineering' kan barate yemmuu ta'u yeroo ammaatti yunivarsiiticha keessatti barsiisummaan qacaramee hojjechuu cinatti digrii lammaffaa isaa muummee barnootaa 'Computer Engineering' barachaa jira. "Akka biyyaatti jireenyi keenya bu'aa qonnaa irratti kan hundaa'e dha. Haa ta'u malee omishni hedduun sababa dhukkubaan miidhamee oomishni gadi bu'a" jedha dargaggoo Jaarmiyaa Baay'isaa. Dhukkubni biqiltuu gandaa gandatti fi biqiltuudhaa biqiltuutti gargar waan ta'ef rakkisaa ta'uu isaa hima. "Moosaajin nuti hojjenne dhukkubni midhaan sana osoo hin hubiin sadarkaa dhukkubichaa dursee nutti hima. Kanaaf sadarkaa dhukkubichaa fi biqiltuun hagam akka miidhame himuu kan danda'udha" jechuun dubbata. Moosaajii dhibee biqilootaa adda baasuf gargaaru kana 'application' mobaayilaa, kan kompiitaraa akkasumas toora marsariitin tajaajila akka kennuf hojjechaa akka jiranis dargaggootni kunneen himu. Moosaajichi akkamiin hojjeta? Moosaajin dargaggootni kun kalaqan suuraa baala biqilaa xiinxaluun sadarkaa fayyummaa fi gosa dhibee biqiltuun sun qabu hima. Haaluma kanaan jalqaba gara oyiruu deemun baala biqiltuu mobaayila yookin kaameeraan suuraa kaasun barbaachisa. Itti aansunis suuraa baala biqilaa oyiruu keessaa dhufe gara moosaajii mobaayila yookin kompiitara irra jirutti garagalchuun moosaajichi suuricha akka xiinxalu ajajama. "Akka biyyaatti jireenyi keenya bu'aa qonnaa irratti kan hundaa'edha" - Jaarmiyaa Baay'isaa Moosaajichis baala biqilaa sana erga xiinxalee booda biqiltichi fayyaa yookin dhukkubsataa ta'uu isaa hima. Gosoota dhibee moosaajicha keessatti fe'aman keessaa isa kam akka ta'es adda baasee hima. Oyiruuwwan babal'aa miilaan keessa deemanii suuraa kaasun rakkisaa ta'es diroonitti fayyadamun suuraa yookin viidiyoo waraabun moosaajichi akka xiinxalu gochuun akka danda'amu dargaggoo Boo'ez Birhaanuu hima. Sadarkaa kalaqichi irra jiru Kalaqni dargaggoo Jaarmiyaa fi Boo'ez dorgommii 'Green Innovation and Agritech Slam' jedhamu fi bara 2019 sadarkaa biyyaatti qindoomina dhaabbilee akka Ministeera Qonnaa, Ejansii Tiraanisformeeshinii Qonnaa /ATA/, Ministira Saayinsii fi Inoveeshinii fi dhaabbilee birootiin adeemsifame injifateera. Haa ta'u malee moosaajin kun yeroo ammaatti gosoota dhukkuba biqilootaa torba qofa adda baasuu danda'a. Biqiltoota akka namaa dhukkuba himachuu hin dandeenyeef fala Dandeettii moosaajichaa guddisuufis hojiin suuraa dhukkuba biqilootaa baay'inaan walitti qabuu akka isaan hafu himu. Dabalataan qonnaan bultootni fi ogeeyyiin qonnaa iddoo itti jiranii moosajichatti fayyadamuu akka danda'aniif giddugala tokko hundeessuuf yaada akka qabanis dargaggootni kun dubbatu. Haa ta'u malee hojiilee kunnen hojjechuf hanqinni maallaqaa harka isaan qabuu kan dubbatu dargaggoo Jaarmiyaa "deeggarssi qaamolee biroo nu barbaachisa" jedha.
oduu-52519315
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52519315
Koronaavaayiras: Pirezidaanti Isaayaas marii guyyoota lamaaf gara Itoophiyaatti qajeelan
Tibba kana argaan isaanii dhabamee kan ture Pirezedaantiin Ertitaa Isaayyaas Af-warqii Ministirra Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimed waliin kora guyyaa lamaa gaggeeffachuuf gara Itoophiyaatti imaluu isaanii Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana Gabramasqal fuula tiwiitera isaaniirratii beeksisan.
Pirezedaanti Isaayaas marii guyyaa lamaa taasisuuf jedhame kanaaf ganama kana gara Finfinneetti imalu Ministirri Odeeffannoo biyyatti kan beeksiise. Obbo Yemaana Gabra Masqal karaa fuula tiwitara isaaniitiin akka himaniitti, dureewwan lamaan kun turtii guyyoota lamaa keessatti mata dureewwan garaa garaa irratti marii ni taasisu. Akka Obbo Yemaanan himaniitti, waa'een walitti dhufeenya biyyoota lamaanii dhimma ijoo irratti mari'atan keessaa tokkodha. Kana malees Isaayaasiifi Abiy kora guyyoota lamaaf gaggeessan Kanaan waa'ee mata dure addunyaa ta'e haala Covid-19 fi weerara awwaanisaa naannicha mudataa jiru irrattis attamiin ittisuun akka danda'amurratti marii ni taasisu jedheera. Jilli Pirezidaanti Isaayaas waliin gara Itoophiyaatti imale kunis kan Ministira Dhimma Alaa Eritraa Obbo Osmaan Saaleh fi Gorsaa Pirezidaantii Yemaana Gabra'aab hamate ta'uus ibi kun dabalee himeera. Haata'u malee, torbanoota darba keessaa Obbo Isaayaas dhukkubsachuufi wallaansaaf biyyaa ala jiraachu ilaalchisee oduun hinmirkannoof bal'inaan midiyaalee hawwasaarratti qoodamaa turuun ni yaadatama. Itoophiyaafi Eritiraan waliin galtee nageenyaa erga walii mallatteessuun waldhabdee biyyoota lamaan jidduu waaggoota 20 oliif tore erga salphisanii amma waggoonni lama lakkaa'ameera. Yeroo kana keessattis dureewwan biyyota lamaanii yeroo garaa garaatti gara biyyota kanneenniitti imaluun haala walitti dhufeenyi biyyoota lamaan itti cimurratti marii taasissa turunsaanii ni yaadatama.
oduu-49354780
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49354780
Dubartiin mucaa godoo saree keessatti cufte to'atamte
Poolisiin Naayijeeriyaa dubartii magaalaa jiddugala daldalaa kan taate Leegositti mucaa saroota waliin godoo keessatti itti cufuun vidiiyoo waraabaa itti qoosaa turte to'annaa jala oolche.
Viidiyoon yoom akka waraabamu ifa ta'u baatullee, jalqaba baatii kanaatti tiwiitarii irratti garmalee qoodamaa ture. Warraabbii vidiiyoo kanarrattis, dubartittiin mucicha osoo qabattoon osoo mudhiisaarra garaftuu mul'atti. Isaan boodas gara godoo saree duwwaa keessatti harkiftee akka hinbaaneef itti cufte. Saroonni lamas godoo itti aanuu keessaa ni mul'atu. Viidiyoon kuni midiyaa hawaasaarratti dubbii kan kaase yoo ta'u, fayyadamtoonni gochiichaan aaraniis nama dubartittiin bakka jirtu argeef badhaasa akka kennan ibsan. Guyyaa Kamisaa dubbi himaan poolisii, Dolapo Badmos, dubartiin viidiyoorra turte hidhamuu ishee tiwiitaraan beeksiiftee jirti. "Shakkamtuun mana hiidhaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, mana murtiitti akka dhiyaattu himameera. ''Mucichi warra akka hinqabne himamees kan baraarame yoo ta'u, dahannoo motummaa naannoo Leegoosiin kennamu keessatti eegamaa jira,'' jettee jirti.
oduu-52081130
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52081130
Koronaavaayiras: Itoophiyaatti eenyutu dhibee Covid-19f qoratamaa jiraa?
Itoophiyaan qorannoo Koronaavaayirasii gara Afriikaa Kibbaatti erguun qorachiisaa erga turtee booda deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Dhaabbata To'annoo Dhibee Afriikaa irraa argatten biyyuma keessatti Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti qorachuu eegaluunshee ni yaadatama.
Ofii eenyuutuu qoratamuu danda'aa? Weerarri dhibee kanaa erga eegalee asis namoota 718 irratti qorannoon taasifamuu isaa Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa hima. Haata'u malee, lakkoofsi namoota vaayirasichaan walqabatee qoramaa jiranii baay'ee xiqqaa ta'uusaa irra deddeebin himama. Itoophiyaa keessatti namoota akkamiitu qoratamaa jira? Qorannoon taasifamaa jiru gahaadhaa? fi gaaffileen kunneen jedhan Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti hogganaa Dhimma Seera Fayyaa Idil-addunyaa Dr Fayyisaa Raggaasaa nuuf deebisaniiru. Ulaagaalee Qorannoo maal? "Tokkoffaa buufata xayyaaraa Booletti sakkata'iinsi ni taasifama. Sakkatta'insichaan kan shakkaman fi mallattoon kan irratti mul'ate adda bahanii qorannoon irratti gaggeeffama" jedhan Dr Fayyisaan. Vaayirasichi gara biyyaa erga seenee booda immoo namoota vaayirasichaan qabaman waliin qunnamtii qaban qoratamaa akka jiran ogeessichi himu. Namootni qorannoon taasifamuf isaan biroon immoo namoota gara dhaabbilee fayyaa deemanii vaayirasichaan qabamaniiru jedhamanii shakkaman akka ta'e Dr Fayyisaa Raggaasaa dubbatan. Dabalataan "namoota mallattoo agarsiisan hundumaa qorachuuf dandeettin hin jiru. Kanaafuu protokoolii isaa irratti hundaa'un kunnen xiyyeeffannoon itti kennamu ni jiru" jedhan. Tattamsa'ina Vaayirasichaafi Dandeettii Qorannoo Biyyattii Lakkoofsi namootaa guutuu aaddunyaatti akkasumas Itoophiyaa keessatti dhibee Koronaavaayirasiin qabaman yeroodhaa yerootti dabalaa jira. Biyyaaleen heddu guyyaa guyyaan namoota heddu qorataa jiru. Gama kanaan Itoophiyaan maalirra jirti kan jedhu yeroo deebisan "dhukkubni kun galeera waan ta'ef namootni baay'een dhukkuba kanaan shakkaman irratti qorannoon akka taasifamu kallattiin kaa'ameera" jedhan. Haala amma jirun garuu dandeettin qorannoo biyyattii murtaa'aa akka ta'e Dr Fayyisaa Raggaasaa kan himan. Dabalataan facca'iinsa vaayirasichaa baruuf hawaasa keessaa saamuuda fudhatamee qorannoon akka adeemsifamu karoorfatamuusaa dubbatu. "Namoota baay'ee sakkata'uun barbaachisaadha kan jedhuunis, qophii guddaatu taasifamaa jira. Naannoleenis akkasuma qorannoo dhibee Koronaavaayirasii hojjechuu akka danda'aniif hojjetamaa jira" jechuunis himan.
oduu-49218571
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49218571
Imala guddifachaa shamarree Itoophiyaa hanga Ameerikaaatti
Maqaankoo Amaarach Riichimand jedhama. Umuriin kiyya waggaa 20. Kanan jiraadhu Norzi Kerolaayinaa yoo ta'u kanan dhaladhe Walayitaa Soodootti.
Obbolaa dubaraa lamaafi obboleessa tokkon qaba. Obboleettiin kiyya Asteer jedhamti. Abbaan keenya baayyee waan nu hingargaarreef haatii keenya qofumashetti arfan keenyaa guddisuuf rakkataa turte. Haatiikeenya nu malee kan deegaru waan hinqabneef nu guddisuuf gidiraa heddu agarte. Anis ashaakiltii biteen irraa bufadhee gurguran ture. Isan argadhe qabadheen gara maatii kiyyaa figa ture. Yeroo sanattis akka ijoollee mandara keenyaa kan biraatti xabachu kan jedhu hinturre. Maatii kiyyaa deeggaruufan fiiga ture. Wayita haati kiyya hojjattu obboleettii kiyya quxusuun kan kunuunsa ana waan tureef carraa mana barnootaa deemu hinargane. Amma yoon yaaduu sun hundi baayyee cimaa ture. Obbolaa angafaa kiyya keessa tokko qaro dhabaa ture. Kunuunsa addaa waan barbaachisuuf, kana hunda kan raawwattu haadha keenya turte. Wayitan waggaa 11 guutuu haalli cimaa dhufe. Wayita sanas obbolettiin kiyya Asteer kan waggaa shanii turte. Haati keenyas nu guddisuun baayyee itti ulfaate. Waan isheen nuuf guutuu hindandeenye hundas argachaa akka guddannu barbaadi turte. Kanaafuu anaafi Asteer akka jireenya gaarii jiraanu hawwite. Dhaabbata guddisa daa'iman warra dhabanii kan Walaayitaa Sooddoo keessatti argamu tokko nu galchite. Aniifi obbooleettiin kiyyas haadhaafi obboolaa kiyyaan adda bane! Jireenya jiddugala guddisa daa'immanii Erga jiddugala guddisa daa'imanii Walaayitaa Sooddoo keessa turree booda gara dhaabbata Finfinneetti argamu tokkootti nu fidan. Achis baatii sadiif turre. Achittis miirri dhaabbaticha keessa akka hinjiraanne siyaachisutu ture. Jaalalli hinturre. Hundi keenyaa dhaabbatichatti kan dhufneef guddifachaan fudhatamuuf ture. Hojjattoonis ta'e kunuunsitoonni nama hinjaalatan. Lafa namni mana jaalatu hinjirree jiraachuu yaadiimee...Aniifi obboleettiin kiyya waggaa caalaa dhaabbata guddisaa keessa jiraanne. Bara 2010tti maatiin Riichimandi ijoollee guddifataa barbaacha Ameerikaa gara Itoophiyaa dhufan. Wayita gara dhaabbatichaa dhufanis gara Ameerikaatti nu fudhachuuf akka yaadan hinbarreen ture. Finfinnee kan turan guyyoota shan qofaaf ture. Gara Ameerikaa deemuuf guyyaan tokko wayita nu hafuun akka eessa deemnu, maaliif akka deemnu naaf gale. Of to'achu hindandeenye; bo'uun eegale. Akkan biyyaafi maatii kiyya dhiisee deemuuf jiru kan naaf gale guyyaa dhumaa ture. Ni sodaachisas ture. Erga Ameerikaa galameen booda Maatiin nu guddifatan ijoollee sadii qabu. Dhiira lamaafi dubara takka. Aniifi Asteeris maatii haaraa keenyatti makamne. Baatiiwwan jalqabaa aniifi obboleettiin kiyyaa waa'ee haaraa agarree hunda haasofna ture. Jijjirama guddaas ture. Suuta suuta Ameeriikaa jaalannee. Garuu baatiiwwan muraasaan booda Ameerikaan na jibbisiifte. Gara biyyaas deebii'u barbaade. Ija jabaadhee gaafachu dadhabuuf sammuu kiyya keessa kan deddeebii'u dhimma maatii kiyyaa ture. Haatiifi obbolaan kiyya nan yaade. Kana biraa hafee nyaataan beekun waanan dharree'eef jireenyi naaf deemu dide. Asteer xiqqoo waan turteef hanga kiyya hinrakkannee turte. Akkuma salphaattu jiruu Ameerikaatti madaqxe. Ana garuu akka salphaatti naaf dagatamuu dide jiruun biyyaa. Mana barnootaas galee hiriyyaa godhachuun dadhabe. Ijoolleen daree keessa jiran wal beeku turan. Kanarratti Afaan Inglizii hinbeeku, attamiin ijoollee waliin haa galu? Qofummaa cimaan natti dhagahame. Duras akka daa'imaa osoon utaalee hinxabatiin waanan guddadheef ijoollee yoo xabatan bitaa natti gale. Kan dur hinbariin Ameerikaa gahe daa'ima ta'un dadhabe. Ijoollee Guddifachaa hiriyyaa godhachu Yeroo hunda gara jireenyan beekutti yoom akkan deebi'u wallaalun kiyyaa baayyee na jeeqa ture. Wanti Ameerikaa jiru kamuu na hawwachuu dide. Jireenya kiyya xiqqoo kan naaf salphise ijoollee guddifachaan gara Ameerikaa dhufan hirriyaa godhachu kiyya. Ijoolleen kunneenis wayitan Itoophiyaa dhaabbata guddisa daa'imman turetti na waliin kan turaniidha. Booda maatii na guddisaniin hirriyyoonni kiyya Ameerikaa akka jiraniifi argachu akkan barbaadu itti hime. Ajansiin anaafi obboleetti kiyya gara Ameerikaa nu fidees bilbilaa fi tessoo ijoollee sanaa nuuf kenne. Hiriiyyota kiyya sadii waliin yeroo hunda waliif bilbilla turre, waliis ni agarra. Hundi keenyaa wan lafakkatu keessa waan dabarruuf wal hubanna ture. Wal hubannas ture. Kunis baayye na gargaare. Jireenya Amerikaa itti baruuf waggaa 4 guutuu natti fudhate. Keessattu osoo obboleettiin kiyya na waliin jiraachu baattee maal akkan ta'u danda'u hinbeekun ture. Firri foonii asii qabu ishee qofadha. Waliin buluu baayyeen jaaladha. Yoo guddattu argumis baayyee na gammachisa. Hunda caala kan yaadaa ture Obboolaa kiyya waliin waa baayyee dabarseera. Seenaa keenyasan irra dedebiin yaaduun na gammachisa ture. Kanan yaadadhus obboleetti kiyyattiin hima. Walitti dhufeenyi haadha kiyya waliin qabu hinda caalaa sammu kiyya keessaa bahu hindandeenye. Akka hirriiyaa walii jaalatanii turre. Haadha kiyya osoon hinargiin jiraachuun natti ulfaate. Amaarachii fi obbolaa fi haadhashee waliin Akkasumas Obboleessi kiyya tokko koleejii yoo heebbifamu, kuun barnoota sadarkaa lammaffaa yoo xumuru ani achu hinturre. Obbolaan waarra na guddisanii natty siquuf baayyee yaalu turan; ani garuu fuula hinkennuuf ture. Isaan garuu ijoollee jaalalaafi kan nama kabajan turan. Ani garuu akka saanii hinturre. Tarii miirri akksi sun kanan lafa guddisa daa'imaatii turtii wagga tokko sanatti bare natty fakkaata. Maatiin na guddifatan na jaalatu. Ani ammo maatii Itoophiyaa kiyyan jaaladha. Jaalala haaraaf eddo hinqabuun ture. Maatii ofii barbaacha Aniifi obboleettiin kiyya gara Ameerikaa kan geeffamne guddisa 'close adoption' jedhamuun ture. Kana jechuunis ijoolleen guddifachaan fudhatamaniifi maatiin guddisu waa'ee maatii ijoollee ilaalchise ragaan hinkennamuuf. Kanaafu erga Itoophiyaa baanee kaasee waa'ee maati kiyyaa raga omaa argachu hindandeenye. Bara 2011 irratti hadha kiyya gabaasni tokko qaqabe. Innis gabaasa guddifachaan booda maatiif kennamu ture. Gabaasichaanis suuraan kiyyaafi kan obboletti kiyyaa haadha kiyya qaqabe. Bara 2012tti ammo ejansiin anaafi obbolettii kiyya warra nu guddiseen walitti nu fide cufame. Waa'ee maatiikiyyaa eenyuun gaafadhu? Akkasumatti waggaa jaha dabarse. Kanaafu filannoon jiru feesbukiirra barbaadu ta'e. Garuu omaa argachu hindandeenye. Nagaa ta'ufi lubbun jiraachusaanii dhagahu dhabuun baayyee na cinqe. Nan bohan ture. Waa'ee maatii kiyyaa yaadu waanan dadhabeef barbaachis kiyya bu'aa dhabullee ittuman fufe. Booda keessa abdii kutuu eegaleen ture... Boodas maatii kiyya argu akkan barbaadu warra na guddisanitti hime. Maatii kiyya argu malee jiraachu akkan hindandeenye itti himaan, abbaan na guddisu yoon waggaa 18 guutuu gara Itoophiyaa na geessuun maatii kiyya akka naaf barbaadu waadaa naaf gale. Garuu waggaa 18 dura oduun jireenya kiyya geedare tokko na qaqabe. Haatiikoos anaafi obboleetti kiyya barbaadaa turte Gaafa tokkos maatii hundi walitti haa qabamu jedhame. Maatiin nu guddisan hunda keenya walitti qabuun 'oduu gammachu' tokko qabna jedhan. Haati kiyyas anaafi Asteeriin barbaadaa jiraachu nutti himan. Haatii kiyya gabaasni guddifataa jalaa adda cinnaan nu barbaacha eegalte turte. Hojjattuu hawaasummaa Walaayittaa Soodootti argamtu tokkootti waa'ee keenya himti. Suuraa keenyas kenniteef. Makaan masoo kiyya Ayyaane ta'u, dugda kiyyarra mallattoo 'maaramiin na dhungatte' jiraachu, hundaa itti himte jirti. Hojjattuun hawaasaa tunis karaa dhaabbata 'barbaacha maatii' jedhuutiin maatii na guddise argatte. Kun hundi yoo natty himamu gammachuun ofi wallaale. Nahees ture. Kanan hineegiin ture. Itti aanseen maal haa gonu? Xalayaa yaa barreessinu? Jechuun gaaffii dhiyeesseef. Obboleettii kiyya garuu bitaa itti gale ture. Callifte na ilaalaa turte. Achinis xalayaa barreesine maatii kiyyaaf ergineef. Torbaan lamaan booda suuraafi vidiiyo waraabanii nuuf ergan. Guyyaa sanaa kaasee jireenyi kiyya geedarame. Ergan tessoosaanii argadheen booda yeroo hunda waliin haasa'u eegalle. Gara Sooddootti deebii'e Bara darbe gara Itoophiyaa imaluuf tikkeetii kutadhe. Obboleettiin kiyya deemuu hinbarbaadu waan naan jetteef qofuman deeme ture. Yoon buufata xiyyaara Finfinnee qaqabu baayyeen dhiphadhe. Obboleetti kiyya angafaa dhufe akka harka kiyya na qabun barbaade. Kanan jalqaba argas isuma ture. Akkuma bara ijoollummaa keenyaa sana wayitan Finfinnee turteetti harka kiyya qabate naan deema ture. Isaan booda gara Sooddoo deemne. Wayitan haadha kiyya argu calliseen bo'u eegale. Isheenis akkasuma. Lamaan keenyayyu imimmaan gammachu boonye. Daqiiqawwan dheeraafis osoo walgadhiisiin wal hammannee boonye. Dhugaa natty hinfakkaanne ture. Waanti hundu akkuma duriitti deebii'e. Maatiiwwan kiyya beeku hunda argadhe. Akkuman gammadeetti torbaan sadii dabarse Sooddootti. Osoon guddifachaaf kennamu baadhee jireenyi kiyya maal fakkaachu akka danda'u haadha kiyya waliin dubbanne. Anaafi obboleetti kiyya guddifachaaf kennunsheetti akka hungaabine dubbatti. Dhugaattis murte jireenyasheetti taasifte hunda caalaa nu guddifachaaf kennuun isa cimaa turesheef. Ta'us kanan guddifataaf isiin kennee 'sababa malee miti' akka jireenya gadadoo hinjiraanne yaadeen jetti. Garuu ejjansiin nu kenne cufame nu argachu dhabuusheetiin gaabbii keessa galte turte. Dhimma kanaanis baayyee hubamushee hirriyyoonni ishee natty himaniiru. Ani Ameerikaa jiraachu kiyyatti waa hedduun argadha ture. Garuu bakka maatii kiyyaa naaf hinbune. Haatii kiyyas akkasuma nu yaada turte. Amma jireenyi bareedaadha Amma barattuu kolleejjii waggaa jalqabaati. Maatii guddifachaa kiyya baayyeen jaaladha. Dhugaa dubbachuuf ammoo isaan waliin wal baruuf yeroo dheeraa natti fudhatee ture. Namoota hinbeekne 'abbaa'fi 'immaa' jedhanii jiraachuun cimaa ture. Yeroo natti fudhatus garuu amma maatii taaneerra. Murteen haadha keenyaas sirriidha jedheen amana. Jalqabarratti haallichi natty cimurreen haadha kiyya hubadheera. Osoo guddifachaaf na kennuu baattee rakkina hedduutu na eeggata ture. Amma obbolaa guddifachaa kiyya waliinis walitti dhuyaanna. Obbooloota kiyya Itoophiyaa jiran waliinis akkasuma. Wayitan obboloota kiyya waliin haasa'u humnan argadha. Na jabbeessa. Jireenya kiyyarra ka'unis ijoolleen guddifachaan kennaman yaaddoo maatiisaanii rakkachu hinqabaatan. Maatiisaanii argu qabu. Ani ergan maatii kiyya argadheen booda jireenyi kiyya geedarameera. Gammadduus ta'eera. Amma kanan yaadu digrii kiyya fudhadhee hojii gaarii qabachuchudha. Gaaffiin maatii kiyya waan naaf deebii'ee amma haala eegeree yaadun ddanda'a.
oduu-50911212
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50911212
Isheen Eenyu? 8: 'Hojii waliisaa hin beekne jalqabeen amma miiliyoonaan buufachaa jira'
Maqaan koo Haannaa Takileeti. Finfinnee naannoo Abinnat, ganda 28 jedhamuttin dhaladhee guddadhe. Bara 2006tti Afrikaa Kibbaa deemee, ammas achuman jiraadha. Bultii dhaabee, ijoollee sadiis horadheera.
Bara 2004tti koolleejii Hilkoo jedhamutti barattuu kompiwutar saayinsiin ture. Durumaa qabee hojii mataa koo hojjechuu gatiin barbaaduuf kitaabota baayyee dubbisuu keessa sarara jireenya koo nan geeddare. Jireenyi koo barnootaan qofa geeddarama jedhee ijaa hin amanneef filannoo biraa ilaaluun jalqabe. Hojii neetwoork maarkeeting jedhamutu na harka bu'e. Haati koo immoo qofaa na guddisuun ishee hojii kanatti akkaan galuuf sababa naaf taheera. Haati koo ijoollee ja'a qabdi ani mucaa shanaffaa dha. Nu guddisuuf jecha hojiidhaan Dubaay jiraatteetti. Ijoolleen kaan haatisaanii laaqanaa isaaniif hojjettee, bunni danfee fi manni ho'ee gaafan argu, haati koo na bira waan hin jirreef nan gaddan ture. Haadha koo biyya ormaatii fidee yeroon manatti gallu ishee arguun abjuu koo isa guddaa ture. Hojii neetwork maarkeetiing jedhamu kanas kanumaanan jalqabe. Kanaa booda gara Afrikaa Kibbaan imale, isan akka tasaa deeme torbee lama ergan hojjedhee booda achumattin hafe. Garas kanin imale achitti maamiloota horachuuf jecha dha. Daldalli achi dhaqee jalqabes guddatee fi bal'atee ture. Hanga 2009ttis hojjechaan ture. Neetwoork maarketiing yoon hojjedhu maallaqaan alatti hoggantummaa, namootaa waliin waliigaluufi dandeettii gurgurtaa argadheera. Argachuu fi dhabuu hojii kanarraa baradheera. Argachuurra immoo dhabuurraa waan hedduu baradheera. Ofitti amanamummaan koollee baayyee dabale. Balballi hojii kun ulaa garaagaraa akka qabuufi ittiin deemuun immoo akka na milkeessus bareen jira. Yeroo tokko garuu hojii kana dhaabeen, Indiyaa irraa mi'a fichisiiseen raabsitootaaf kennuu jalqabe. Piroojektii irrattis hojjedheera. Bu'aafi kaasaaraa ilaaleen nan dhaabe. Ijaan kasaareefan dhiise jechuu naa wayya fakkaata. Maatii fi hojii Mucaa koo hangafaa 2013tti yoon dahu fedhii qarshii ijoollee koof tahu guduunfachuun qaba. Abbaan warraa koo lammii Gaabon yoo tahu inni akkuma koo baratee milkaa'uu fedha. Digrii isaa sadaffaa hojjechaa ture. Yeroo wal-fuunu nama ganna 35 ture otoo waggaa 40 hin guutiin piroofeesara tahuuf tattaafachaa ture. Kaffaltiin yunivarsiitiiwwan Afrikaa Kibbaa immoo gaafan yaadu fedhii garaa kootiin bira akka na hin qaqqabsiis natti dhagahame. Kana garaattii qabadhee amma mala daldalaa haaraa soquu koo ittan fufe. Abbaan warraa koo hojii dhaa gaafa deebi'u immoo yaada ani fidu irratti ni mari'anna. Daa'ima koo lammataa ergan argadhee booda waan Biitkooyin jedhamun bare. Waa'ee Biitkooyin dhagahe kana abbaa warraa kootti hime jennaan naa fudhachuu dide. Dubartiin waa'ee Biitkooyin na hubachiisuu yaalte akkuma mucaa ganna ja'a hubachiistu natti himi jedhee natti himte jennaanillee naa galuu hin dandeenye. Achii Google irratti barbaade jennaan odeeffanooo gahaa argadhee hubachuu danda'e. Kana booda abbaan warraa koo dhimma kana gaafa qoratu daldalichi abdii akka qabu baretu akkan irratti xiyyeeffadhu na jajjabeesse. Anis isa humni koo danda'erratti hirmaachuun jalqabe. Baatii lama booda immoo hojii Maayining jedhamu jalqabe. Isheen Eenyu: 'Hojii waliisaa hin beekne jalqabeen amma miiliyoonaan buufachaa jira' Hojii kanarratti bobba'ee ganaa karaa otoo naa hin qabatiin abbaan manaa koo Kaanaadaa Ontaariyootti carraa barnootaa argate jennaan inni dhaqee akka baratuufii animmoo asitti ijoollee koo waliin hafuuf murteessine. Kanaan walii gallee inni achi dhaqee qarshii maatii bulchu Afrikaa Kibbaatti erguuf ture kan yaanne. Haa tahu malee yeroo gabaabduu keessatti ani callaa argachuun jalqabe. Baatii jaha keessatti dachaa miindaa abbaa warraa koo argachuun jalqabe. Achiin yaada gara Kaanaadaa deemuu nan dhiise. Bu'aa koo kana dhufee erga argee booda innis hojiisaa Kaanaadaa jiru dhiisee anaan deeggaruutti ka'e. Hojii kanaan waggaa tokkoof walakkaa keessatti doolaara miiliyoona tokko argachuu danda'eera. Kana boodas daldalichi bal'achaa jiraa , anis fayyadamaa dhuman jira. Nama miiliyenara tahuu barbaadu hundaaf karaasaa banaa dha. Haadholii ijoollee dahaniifi namoota itti gaafatamummaa qabanillee waan hojjechuu danda'ani dha. Ani otoon biyya ormaa jiraadhuu, ijoollee sadii waggaa shanii gad tahan otooon guddisuu hojjechuu dandeenyaan warri kaanis hojjechuu danda'u. Intarneetii fi fedhiin dureessa tahuu hanga jiraateetti hojjechuun hinuma danda'ama jedheetan yaada. Hin dandeessu warreen naan jedhan milkaa'ina caaluuf na kakaasu. Afrikaa Kibbaatti afaan hin dandeessu naan jedhu, dubartii tahuu akka dadhabinaatti warri natti kaasan hundi sadarkaa amma jiruuf na onnachiisaniiru. Abbaan warraa koo ulfaa'uufi harma hoosisuutiin alatti waan hundumaan na gargaara. Kanaanis carraa qabeettii dha. Maallaqni furmaata waan hundumaa miti. Waan hundumaa salphisuu garuu ni danda'a Kanaaf yeroo hunda qarshii argachuuf jabaadheen hojjedha. Akka lammii Afrikaa tokkotti jireenyi koo yoo geeddaramu kanneen biroo immoo ni dammaqsa jedhee ijaan yaaduufi jabaadhee kanin hojjedhu. Lammiiwwan Afrikaa miiliyeenara akka tahan gochuu nan yaada. Biitkooyin maali dha? Biitkooyin akkuma yuroo fi doolaarii qarshii dha. Qarshii kaan irraa kan adda isa taasisu garuu gatii isaati. Gatiinsaa yeroo yerootti ni dabala malee hin hir'isu. Qarshiin inni kaan kan waggaa tokko dura ittiin binnu irra gatiinsaa hir'iseeera. Biitkooyin garuu guddachaa dha kan deemu yeroo baayyee. Inni kan biraan immoo nama tokkorraa gara biraatti otoo irra hin hir'isiin dabarsuun ni danda'ama. Namni sadaffaas isa gidduu galu illee amma haqameetu jira. Ani Biitkooyin Maayinning irratti ergan hojjechuu jalqabee booda yeroo hunda namoonni qarshii Biitkooyin bitanii akka keewwatan ittan hima. Daldala Biitkooyin irratti hirmaachuuf carraan akka jiruufi qarshii kanaan bittaa gurgurtaa raawwachuu akka danda'anillee nan dubbadha. Kuni carraa nama hundaaf jiru dha. Garuu of eeggannootiin hojjetamuu qaba. Addunyaa irratti hojii kanaan kan burjaajessan ijaa jiraniif qoratanii itti galuun barbaachisaa dha. Miiliyeenara tahuun ni danda'ama gaafan jedhu immoo guyyaa dhuma tokkotti jechuu miti, jabaatanii hojjechuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf ani isa Biitkooyin Maayiniing jedhamurratti yoo tahu kanin hojjedhu maallaqa maxxansuu jechuu dha. Kunis maallaqa guddaa fi michuu gaarii argachuu barbaada. Anaafi abbaan warraa koo 2015tti mana barumsaa Achiivars Akkaadaamii jedhamu dhaabnee waa'ee marsaa(network) crypto currency(qarshii waraqaadhaan hin maxxanfamne) barsiisuu jalqabne. Kanas Yunivarsiitii Piriitooriyaa waliintaanetu hojjenna. Ani immoo karaa dhaabbata keenyaa biyyoota garaagaraa deemuun muuxannoo koo warra kaaniif nan qooda. Dhaabota garaagaraa waliin hojjenna. Afrikaarra darbinee biyyoota addunyaa 33 keessatti hojjenna. Hanga har'aa namoota 30 caalan hojii isaaniitiin doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu akka argatan taasifaneerra. Hojicha kaan otuma hojii isaanii durii hojjetanii hojjetu, kaan immoo kan gadhiisanis jiru. Amma dhaabbata teessoonsaa Poolaand jiru waliin mallatteessinee hojjechaa jirra. Ani isa Afrikaa keessa jiru waliin hojjechaa nan barsiisa. Eenyuyyuu hojii kanarratti bobba'e jennaan ni milkaa'a. *Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.
oduu-42110136
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42110136
Emersan Mnaangaagwaa pirezidaantii haaraa Zimbaabuwee ta'uun kakuu raawwatan
Emarsan Mnaangaagwaa pirezidaantii Zimbaabwee haaraa ta'uun, sagantaa isataadiyemii magaalaa Guddittii, Haraareetti raawwateen, kakuu raawwataniiru.
Kunis kan ta'e erga Roobart Mugaabeen biyyattii waggoota 37f bulchan, aangoorraa bu'an booda. Pireezidantii itti aanaa duraanii kan turan Mnaangaagwaan, erga Mugaabeen ari'aman booda, paartiin biyya bulchu Zanu-PF akkasumas waraanni biyyattii aka gidduu galan taasise. Ergasii Obbo Mugaabee angoorraa buusan . Obbo Mnaangaagwaan biyyaa baqatanii turanillee, gaafa Roobii biyyattii deebi'an. Eemarsan Minaanaangiwaa eenyu dha?
oduu-48242818
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48242818
Ijoollee ganda 'hadholiin keessa hin jirre' keessatti guddataa jiran
Baha Indooneziyaatti gandooti haadholiin umurii dargagummaa keessaa jiran hundumaa sadarkaa jedhamuun hojiif biyya alaa deeman jiru. Warri Indooneeziyaa ''gandoota haadholii hin qabne'' jechuun waamu. Gaazexeessituun BBC Heenchkeeh ijoollee kanattii haasofteetti
Elii Sushiiwaatii suuraa haadha ishee wajjin Yeroo haatishee akkoosheetti ishee gattee deemtu Elii Sushiiwaatiin umriinshee 11 ture. Bultii reefu dhaabatee deeggaruuf jecha haatishee Mariishiyaan hojii mana keessaa hojjechuuf gara Saawudi Arabiyaa deemte. Eliin haadhashiin gargar bahuun akka ishee miidhe dubbatti. ''Yeroon hiriyyoottan koo maatii isaanii waliin argu immoo ittuu na guba. Haati koo akka naa dhuftun barbaada,'' jetti ''Haati koo akka deemtu hin barbaadu. Asuma turtee obbolaa koo akka kunuunsitun barbaada'' Ganda Eliifaa Waanaasaabaa, dubartoonni maatii isaanii deeggaruuf jecha gara biyya alaa deemuu isaanii waan ummanni fudhate dha. Dhiiroti gandichaa qonnaa bultoota yookiin hojii humnaa guyyaa hojjeechuun horiin argatan, isa dubartoonni kanneen galaana ce'uun fidan wajjin wal hin dorgomu. Mannneetiin gandicha keessa jiran walitti kan maxxananiifi daandiitti kan siiqani dha. Karaa doqdoqqeef murame duuba immoo maasiin ruuziitu babal'aatu jira Haadholiin yeroo maatii bal'aa dhisanii hojiif deeman, abbootii warraa ijoollee kunuunsu. Namni gandicha keessa jiruu hundi mucaa walii waliinii eeguu. Garuu, daa'ima tokkoof hadha ofii nagaatti jechuun ulfaataa dha. Haati Karimaatuu Adibiiyaa immoo yeroo isheen waggaa tokko turte dha kan dhiisteenii deemte. Waan yaadattuu tokkoyyuu hin qabdu. Haati ishe erga isheen barnoota tokkoffaa xumurtee booda dha ishee daawwachuuf kan dhufte. Karimaatuun akka adaadaashee ishee guddistee tahuu barbaaddi. ''Baayyee burjaaja'een ture'' jetti Karimaatuun ''Haati koo maaliif akka haadhashee tahe hin beektu jettee yeroo adaadoo kootti boottu nan yaadadha.'' Karimaatuu suuraa haadha ishee argitee hin beektu. waanti waa'ee haadhashee beektu maqaa isheefi iddoosheen jirtu dha. Kanaaf, hubachuun yoo dhibe nama hin dinqu jetti adaadaa Karimaatuu Amma umriishee waggaa 13tti yeroo hundaa haadha ishee wajjin viidiyoo dhaan walitti haasa'u. Garuu ammas hariiroon isaan gidduu jiru rakkisaa dha. '' Yeroo haati koo boqonnaaf dhuftullee adaadoo koo wajjiniin turuu barbaada.'' jetti Karimaatuufi adaadoshee Adaadoonshee Baa'iiq Nuurjaanaah ijoollee sagal guddisteetti kanneen keessaa tokko qofaatu kan isheeti warri kaan ijoollee obboleessaafi obboleettii hojii hojjeechuuf biyya alaa deemaniiti. Dubartoonni kunneen bara 1980 jalqabeeti kan isaan hojiif gara biyya alaa imaluu kan jalqaban. Eeegumsa seera qabeessa tahe ijaa hin qabneefi miidhaaf saaxilamoo dha. Seenaan namooti du'anii reeffi isaanii dhufe jedhus ni dhagahama. Kaan immoo akka malee dhaanamnamii madaa yeroo dheeraa hambifataniiru. Warri kaan immoo waan hojjetaniif otoo hin kaffalamiiniif deebi'anii galaniiru. Takkaa takkaa immoo haadholiin daa'ima quunnamtii hayyama malee raawwateen dhalatan wajjin dhufu. Sanyii makamaa tahanii dhalachuun gandichatti akka waan addaatti ilaalama.
oduu-56890698
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56890698
Haqa: Maatiifi abukaatoon Mohaammad Deeksisoo hanga har'aatti eessa buteesaa wallaalu himan
Eebbifamaan Yunivarsitii Jimmaa kan Guraandhala darbe kan sagantaa eebbaa barattoota yunvarsitichaa irratti kan hidhamtoonni siyaasaa Oromoo akka hiikamaniifi haqa Hacaaluu gaafate Mohaammad Deksiisoo erga achi buutee isaa dhabanii torban sadi gutuusaa maatiisaa BBCtti himan.
Abukaatoon isaas bakka inni jiru waan hinbekneef mirgasaa karaa seeraa gaafachu hindandeenyee jedhu. Obboleessi Dargaggoo Mohaammad Deksiisoo kan ta'an, Sulxaan Deksiisoo bakka Mohaammad jiru qabatamaan akka hin beekne dubbata. Kaampiin Humna Addaa Oromiyaa Jimmatti argamu keessa jiraachuutu odeeffama jira kan jedhan Obbo Sulxaal, oduurra kan darbee qabatamaan wanti beekamu akka hinjirre himu. ''Kaampii waraanaa akka jirutu odeeffamaa jira. Garuu ammoo oduurra kan tare qabatamaan waan baramee hinjiru. Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaas yeroo lama laxalayaa qabatanii dhaqanii warri waraana waan amanan hinqaban'' jedhu Obbo Sulxaan. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin yaalii taasisuu illeen bakka Mohaammad jiru baruu akka hindaneenye BBCf mirkanneesseera. Dabalataanis ''aanga'oonni bakka hinjiruu nuufis ta'ee maatiitti himuuf fedhii hinqaban'' jedheera Komichinichi deebii dhimmicharratti karaa barreeffamaatiin BBCf kenneen. Mohaammad Bitooteessa 7 bilisaan akka gadhiifamu manni murtii Aanaa Jimmaa erga ajajeen booda, guyyaa 16f hidhamee gaaffa Bitooteessa 23 gadhiifamuu hima obboleessi isaa Obbo Sulxaan. Haata'u malee guyyuma sana karra waajjira poolisii irraa butamee bakka geeffame akka hinbeekne himu. Mohaammad bakka jiruu baruu dhabuutti maatiin daran yaadda'u dubbu Obbo Sulxaan Deksisoo. ''Yeroo dhiyootiin as haalli qabatamaan biyya keenyaa na sodaachisa. Kan akka isaa bakka jiru hinbeekamne hafee kan mana hidhaa jiraachun barameeyyu yeroo barbaadan waan barbaadan irratti dalagu. Namni itti iyyatanii yaaddoo cabsatan hinjiru,'' jechuun hangam akka nageenya obbooleessa isaaniif yaada'an himu. Abookaatoon Mahaammad maal jedhu? Mohaammad jalqaba yakka hokkora uumuufi qaamoolee hidhatan waliin hidhata qabaachuun shakkamee mana murtiitti kan dhiyaate yoo ta'u, wabiin akka bahuuf manni murtii ajajee ture. Haata'u malee, poolisiin galmee sana cufuun boombii dhukaasee lubbuun namaa akka darbu gochuun shakkee jechuun yeroo lammataaf mana murtiitti dhiyeessee akka ture abookaatoon isaa Obsinaan Girmaa ni hima. Dhimmisaa Mana Murtiitti dhiyaateen erga ilaalameen booda yakki ittiin himatameefi bu'aan qorannoo wal hinsimu jechuun wabiin maallaqaa osoo hinbarbaachifne akka gadhiifamu Bitooteessa 7tti murtaa'e aka ture jedhan Obbo Obsinaan. Bitooteessa 23 karra poolisii irraa erga butamee asi eessa buteen isaa isa waliin quunnamtiin akka hinqabaannee dubbatu Obbo Obsinaanis. ''Silaa kana booda kan mirgisaa ittiin kabajamu danda'u qaamniisaa bilisa haabau (habeas corper) ture. Haata'u malee kana dhiyeefachuuf Mohaammad bakka namni yakkaan shakkame tursiifamu ykn mana adabaa keessa hinjiru jedha'' jedhu abukaatonsaa kun.
43665307
https://www.bbc.com/afaanoromoo/43665307
Baqattoonni Kongoo 40 koleeraan du'an
Baqattoonni lammiilee Riippablika Dimokraatawa Kongoo wal waraansa biyyattii baqachuun kaamppii Yugaandaa keessaatti argaman keessaa 40 dhibee koleeraatiin du'usaanii Fannoo Diimaan dhaabbata oduu AFP'tti himeera.
Baqattoonni Kongoo kumatamaan lakkaa'aman Iturii irraa Yugandaatti baqatan Fannoo Diimaan akka jedheetti, dhufaatiin baqqattootaa erga walwaraansi mandara Iturii keessatti eegalamee as hospitaaloota dhiibisaa jiru. Haalli kunis balaa dhiibee koleeraa baatii Guraandhalaa keessa lafa qubannaa baqattootaa Kyaangwaalii fi Kyaakaa II tti ka'ee ture caalaa hammeesseera. Hanga ammaattis mudannoon koleeraa kuma lamaa olii to'atamu danda'unsaa , Fannoo Diimaan dabaluun himeera. Erga jalqaba bara kanaatii kaasee baqattoonni Kongoo kuma 70 ta'an Yugaandaa galiisaan akka hinollee dhaabbanni Fannoo Dimaa ni tilmaama.
oduu-44050538
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44050538
Iboolaan lammata Kaaba-Lixa Ribbablika Dimookiraatawaa Kongootti dhalate
Dhukkubni Iboolaa Kaaba-Lixa Rippablika Dimokiraatawaa Kongootti lammata dhalate.
Dhibeen Iboolaa duraani bara 2017 Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti dhalatee nama afur galaafate ture Minsitirri fayyaa biyyattii Kibxata kaleessaa akka beekisetti, dhukkubsattonni lamaafi namoonni 17 du'uun isaanii mirkanaa'eera. Wanti magaalaa Bikorootti dhalate kuni erga waggaa darbe namoota afur ajjeesee booda kan lammata dhalatedha. Dhukkubni kuni bara 2014, namoota 11,000 biyyoota Giinii, Siyeeraaliyoniifi Laayibeeriyaatti ajjeseera. Weerarri dhukkuba Iboolaa kan ifa ta'e erga yaaliin laaboratorii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) dhukkubsattoota dhukkuba kanaan shakkaman shan keessaa lama irratti dhukkubichi argamuu isaa mirkaneessee booda. Dhaabbanni kun qarshii doolaara miiliyoona 1 ramaduuniifi ekispartoota 50 ol gara dhukkubni kuni dhalate jedhametti erguu isaa beeksiseera. Isa ammaa dabalatee Iboolaan yeroo 9ffaafi Iboolaan biyyattii keessatti kan dhalate. Vaayirasichi yeroo jalqabaaf bara 1976(yeroo maqaan biyyatti Zaayer ture) bira gahame.
oduu-49983757
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49983757
ODP: Cunqursitootni fedha dhuunfaa malee uummata bakka hin bu'an
ODP'n adeemsa qabsoo keessa qajeeltoowwan sadiin qaba jedhe.
Jala-bultii Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee ilaalchisee Pireezidantii Itti aanaan MNO O`bbo Shimallis Abdiisaa haasa'aa isaanii keessatti 'Sirna nafxanyaa cabsineerra' jechuun isaanii dubbii ijoo ta'ee jira. Keessumaa beektotaaafi namoota siyaasaa Amaaraa irraa qeeqni irratti ka'ee ture. Ibsi ODP'n baase kunis dhimmuma kanaan walqabata. Isbichi ODP'n dhaabbilee ADWUI ijaaraniifi paartiilee deeggartootaa waliin walqixxummaa, haqaafi bilisummaaf qabsaa'aa akka tureefi akka itti jiru ibseera. Adeemsa qabsoo kana keessattis qajeltoowwan sadiin qabaa jedheera. ''Seenaa keenya keessa duudhaalee gaarii jiran kabajuun jabeessanii itti fufsiisu, badii baroota darban raawwataman seecca'uun baasuun sirreessuu, kan darberraa barachuun badii dabalataa hambisuu'' akka ta'anis kaaseera. Kana galmaan gahuufis ''haasa'aa fi gochi keenya uummatoota gidduu jaalala, tokkummaa fi nagaa fiduu akka qabu'' ODP'n ni amana jedha. ''Cunqursitootni garee kamiraayyuu dhufan fedha bittootaa malee uummata keessaa bahanii bakka kan hin buune akka ta'e amanna'' jedha ibsichi. ''Qabsoon hadhaa'aan baroota darban gaggeesine cinqursitoota waliin malee uummata waliin hin turre. Uummatotni cunqurfamaa malee cunqursaa hin jiraanne.'' ''Baroota darban dogoggoroota raawwataman caala wantootni tokkummaan walitti nu hidhan waan heddumaataniif'' gara fuula duraatti daandiin dheeraan waliin imalamu akka jiru ibsi kun eereera. Jechi Nafxanyaa jedhu uummata Amaaran jechuufi jechuun oriisaan kan irratti ka'e ta'uu isaa wajjiin walqabatee ibsichi waaye hariiroon saboota lamaanii guddaa ta'uus kaaseera. ''Haadni Obbolummaa saboota Amaaraa fi Oromoo walitti hidhe kan baroota ce'uu fi salphaatti citu miti.'' Tokkummaan kaayyoo fi gochaa ADP fi ODP gidduu jiru kana dura danqaalee hedduu akkuma ce'e fuula durattis ce'aa akka itti fufuf ibseera.
oduu-53385279
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53385279
'Guyyaa tokkotti haga nama 15 baqaqsee wal'aanee beeka' - Dr Dastaa Gaaromaa
Hakimoota baqaqsanii wal'aanuu qubaan lakka’aman Itoophiyaan jalqaba horatte keessaa tokko.
Lixa Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaaggaatti kan dhalatan Dr Dastaa Gaaromaa, waggoota 28 oliif ogummaa isaaniin kan tajaajilan hawaasa Godinaalee Arsii biratti kabajaa fi maqaa gaarii horatanii jiru. A.L.I bara 1984 hospitaala Asallaatti wayita ramadaman ogeessa wal'aansa baqaqsaanii yaaluu ykn sarjinii lammii Itoophiyaa nama jalqabaa turan. Sana dura ogeeyyii lammiilee Xaaliyaanitu ogummaa kanaan tajaajila kennuu achitti jalqabe. Dr. Dastaan hospitaala Asallaa keessatti rifeensa lama baasan. Ammas yuunivarsiitii Arsiitti haakimoota leenjisuu fi wal'aansa baqaqsanii yaaluun tajaajila jiru. Barana sooramaan gaggeeffamuuf kan turan, gumaachisaanii ilaalame waggoota shanan dhufanillee hojii isaaniirra akka turan taasifame. Dr. Dastaan Eenyu? Dr. Dastaa Gaaromaa Lixa Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti dhalatan. Mana barumsaa Shambuutti kutaa 1-12 baratan. Yeroo sanattis barataa qacalee turan. "Warraa kootiif qoteeras, mucaa eebbiffamadha naan jedhu ture" jedhu. A.L.A bara 1979 qabxii olaanaa galmeessisuun hakimummaa leenji’uuf Kuubaatti ergaman. Waggaa tokkoof qooqa Ispaanish baratanii, ogummaa hakimaatti ce’an. Mana barnootaa fayyaa beekamaa biyya Kuubaa 'Superior institute of medical science' jedhamutti ogummaa hakimaa fi ispeeshaalayizeshiinii leenji’ani. Hakimoota baqaqsanii wal'aanuu qubaan lakka'aman Itoophiyaan jalqaba horatte keessaa tokko Bara sana barattoota biyyoota Afrikaa fi Eeshiyaa wajjiin biyya koministii Kuubaatti baratan keessaas tokkoffaa bahuun meedaliyaa warqee badhaafamaniiru. Barnoota ogummaa baqaqsanii wal'aanuu fi ispeeshalayizeshinii achumatti leenji’anii waggoota 12 booda gara biyyatti deebi’an. Gara biyyatti erga deebi’anii waggaa tokkoof hospitaalaa Xoor Hayiloochi hojjatanii san booda A.L.I bara 1984 gara hospitaala Asallaatti ramadaman. Hospitaalichi walta’iinsa ministeera dhimma alaa Xaaliyaaniifi Itoophiyaan ji’a lama booda eebbifame hojii jalqabe. Bu'aa bahii fi mudannoo Jalqaba waggoota 10 oliif hospitaala Asallaas ta'e naannawa san ogummaa kanaan namni leenji’e waan turreef qophaan tajaajilaa ture jedhanu Dr Dastaan turtii BBC waliin taasisaniin. Sambataa fi Dilbata dalatee torban guutuu guyyaatti sa’aatii 16 hojjetaa akka turan dubbatu. "Guyyaa tokko keessatti yeroon namoota amma 15 opireeshinii goonellee jira" jechuun hojiin isaanii hagam dadhabsiisaa akka ture himu. "Hojiin umurii koo guutuu dalage kanaan bu'aan buufadhe, lubbuu namoota baay'ee du’arraa oolchuu kootii" jedhu. Kanaan alatti yuunivarsiitii Asallaatti hakimoota hedduu barsiisuun ogeeyyii fayyaa ciccimoo horataniiru. ''Dadhabbiin koo yoon rafe narraa darba, lubbuun namaa darbitu hin deebitu" - Dr. Dastaan Garomaa Gumaachasaaniif Waldaa hakiimoota Oromiyaa fi mootummaarras beekamti fi badhaasa meedaliyaa gonfachuu dubbatu. Mudannoo dabarsan wayita dubbatan, halkan tokko sadii ta’anii otoo nama dhukkubsate garaa baqaqsanii wal'aanaa jiranii ogeessi isaan gargaaru ofiifuu gaggabee lafa dhahuu himu. San booda qulqulleessitu bakka ogeessa kufee buusuun wal’aansa baqaqsanii wal'aanuu jalqabame goolabuu isaanii yaadatani dubbatu. "Kabajaan itti horadhe" Ogummaa jaalataniin hawaasaa tajaajilaa turuutti gammadu. "Hawaasarraa kabajaan itti horadhe" jedhani soorama bahuurra hojii itti fufu filatan. ‘’Dadhabbiin koo yoon rafe narraa darba, lubbuun namaa darbitu hin deebitu" jedhu. Sa’aatii dheeraa yeroo hedduu osoo nyaatallee hin nyaatiin hojjachuun akka danda’amu barsiisota na leenjisan irraan bare jedhan. Hospitaalli Asallaa hawaasa baadiyyaa Godinaalee Arsii, Shawaa Bahaa fi Baaleerra wal’aansaa barbaacha dhaqan wal’aana. Namoota rakkatani ijibbaatanii dhufanitti garaa akka hin jabaanne dubbatu. Dr Dastaa maatii isaanii waliin "Nama horii dhabuun wal’aansa dhabe yeroon argu jecha yuunivarsiitiin keessatti baradhe duratti guddatee barreeffame tokkoon yaadadha" jedhan. Innis "lubbuun nama tokko horii dureyyiin addunyaa keenyaa horatan si’a miliyoonarra ni caala" kan jedhudha. Kana akkas jedhemmoo hakiimaa fi abbaa warraaqsaa Kuubaa Chee Guveeraa ta'uu himu. Nama dhukkubsate fayyaasaatti deebisuu kan fakkaatu hin jiru kan jedhan Dr. Dastaan, dhukkubsatoota isaanii ganama bariin gaafachuu fi haala itti jiran sakatta’uu jaalatu. Direektara ta'uunis kan itti tajaajilan hospitaalli Asallaa ammatti hakimoota baqaqsanii wal'aanuu 15 ol qaba. Dr. Dastaan yuunivarsiitii Arsiitti qofa osoo hin taane qe'eettis hakimoota hedduu horatan. Miseensonni maatii isaanii 4 biroonis hakiimoota. Intala isaanii angafaa, obboloota isaanii lamaa fi haatii warraan isaaniis ogummaa kanarra jiru. Hakimummaa "maatiidhumaan itti yaane" jedhu.
oduu-50360113
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50360113
Gammachis Taaddase: 'Hoggantuun Itiyoo Telekoom lubbuu isaa oolchuu danda'u ture'
Hoogganaan Itiyoo Telekoom damee Lixa biyyattii kan turan Obbo Gammachis Taaddase torban lama dura balbala mana isaanitti ajjeefaman.
Hogganaan duraanii Itiyoo Telekoom damee Lixa biyyattii kan turan Obbo Gammachis Yunivarsiitii Wallaggaatti digirii sadaffaa barataa turan Erga ajjechaan kuni raawwatamee booda gareen qorattootaa hundaa'e qorannoon kan itti fufe yoo ta'u hanga yoona shakkamaan tokko to'annoo jala ooluu isaa BBC'n garee qoratu kanarraa odeeffateera. Haati warraa isaanii waggoota 13'f waliin akka jiraatan himan, Aadde Masarat Hundeessaa, qondaaltonni Itiyoo Telekoom lubbuu isaa oolchuu danda'u ture jechuun himatu. Kunis, Obbo Gammachis waggaa tokko dura yaaliin ajjeechaa akka irratti raawwate eerun jijjiirraa hojii gaafatanis akka deebii gaarii argachuu dhaban dubbatu. Abbaa ijoollee daa'ima lamaa kan turan Obbo Gammachis, jijjiirraa hojiif Hojii Raawwachiiftuu Olaantuu Itiyoo Telekoom waliin walii barreessaa turu isaanii dhaabbatichi BBC'f mirkanesseera. Haa ta'u malee, deebiin dhaabbatichaa Obbo Gammachis akka hin gammachiifnes eera. Gaafa ajjeechaan raawwate Ajjeechaan guyyaa Dilbataa magaalaa Naqamtee bakka Calalaqii jedhamuufi bakka jireenyaa Obbo Gammachiisitti raawwate. A.L.I Onkololeessa bultii 16, bara 2012 kan acheechaan raawwate mana namaa waamicha oollee akkuma mana galleeni jedhu Aadde Masarat. Mana galanii osoo hin turin bilbilli bilbilamuu himu. ''Wajjiniin bakkee turree gallee numaa mana gallee daqiiqaa muraasa booddeedha kuni kan ta'e. Naannoo sa'aatii 1 ta'u waa hir'uu natti fakkaata,'' jedhu guyyaatti abbaa ijoollee isaanii dhaban yeroo yaadatan. Yeroo maatiin Obbo Gammachis manatti deebi'an hiriyyaan Obbo Gammachis duuba isaanii konkolaataa qabatee dhufaa ture. Aadde Masarat akka jedhanitti, guyyaa itti aanu Obbo Gammachis Finfinnee waan dhaqanif 'poostaa tokkoon sitti fidadha' jedheeni jedhu. Achiitii 'anumaa wayyaa jijjiirratu gaheera jedhee bilbile,' jedhu haati warraa isaanii. Bilbilli (mobaayilii) bilbilame si'a lama yoo ta'u Obbo Gammachis yeroos keessummaa mana turef dhugaatii lallaafaa banaa akka turan himu. ''Gaafa inni [Obbo Gammachis] gadi itti bahe, daqiiqaa tokkoyyuu waan ture miti, sagalee meeshaa (dhukaasa) gaafan dhagahu iyyaama gaafan bahu Gammeen kufee jira,'' jechuun gaddaan dubbatu. Yeroo ala bahanis hiriyaa isaa sana Obbo Gammachis dhahamani kufan biratti arguu isaanii himu. Obbo Gammachis qofaa isaanii hin turre, ilma isaanii waggaa shanii waliin ala bahan. Garuu, ilmi homaa hin taane. Namni alaa bilbileef hiriyyaa isaafi ogummaan isaa abukaatoo akka ta'e kan himan Aadde Masarat 'hiriyaa isaa keessaa hiriyaa addaafi kan inni amanatudha,' jechuun ibsun. Boodarra garee qorannoo gaggeessurraa akka hubannetti yeroo ammaa kan shakkamee to'annoo jala jiru nama hiriyyaa Obbo Gammachis jedhame kanadha. Yeroosuma gargaarsa gaafachuun Aadde Masarat Obbo Gammachis Hospitaala Waliigalaa Naqamtee geessan. Ta'us, gargaarsi gahaa hin taasifamneef jechuun himatu Aadde Masarat. ''Akka kootti gaafan hubadhu duuni isaa waan qindaa'e fakkaata,'' jechuun himu. Medikaal Daarektarrii Hospitaala Riifaraala Naqamtee Dr. Daamxoo Gaarradoo garuu kana ni mormu. ''Nubira dhufanii daqiiqaa tokkofi sakandii 20 caalaa hin turre'' kan jedhan Dr Daamxoon, yeroo gabaabaa keessatti gargaarsi gahaa taasifamuu dubbatu. Yeroo Obbo Gammachis hospitaala gahaniyyuu 'du'aniiru jechuu dandeenya,' jechuun BBC'tti himan. Isa irra -deddeebbiin meeshaan itti dhuka'e caalaa isa waraanamaniin du'an kan jedhan Dr Daamxoon, meeshaa itti waraanaman 'cuubee' akka ta'etti tilmaamame malee ifatti hin baramne jedhan. Yaalii ajjeechaa waggaa tokko dura raawwate jedhame Yaaliin ajjeechaa Obbo Gammachiis irratti waggaa tokko dura A.L.I Sadaasa bultii 05, bara 2011 raawwatee akka ture maatiin himu. Kunis achuma magaalaa Naqamtee keessattidha. Haati warraa akka jedhanitti gaafa sana manni isaan keessa jiraatan bakkatti konkolaataa dhaaban waan hin qabnef mana barumsaa Aask jedhamu keessa konkolaataa dhaabanii yeroo Obbo Gammachis manatti galan galgala sa'aatii 1 booda yaaliin ajjeechaa irratti raawwate. Dhimmi yeroosi poolisiitti gabaafamus furmaata waan argate akka hin taane himu Aadde Masarat. Ajjeechaa tibbanaa dura Obbo Gammachis waan sodaatan wayii qabu turanii jennee kan gaafanneen Aadde Masarat, ''Isa kana asirratti dubbachuu hin danda'u,'' jedhan. Obbo Gammachis ijoollee lama: Dubara umrii 10 fi dhiira umrii 5 Aadde Masarat irraa kan godhatan yoo ta'u taate bara darbe isaan dhaqqabe caalaatti qondaaltota irraa waan dabalataa argachuun hin danda'amne. Dhimmi ajjeechaa waggaa dura raawwate kuni waggaa dura poolisii bira gahuufi ragaan kennamuu himu Aadde Masarat. Garuu, wanti murtaa'e akka hin jirre dubbatu. Himannaa Itiyoo Telekoom Akka maatiin jedhanitti, erga yaaliin ajjeechaa waggaa tokko dura irratti raawwatee booda Obbo Gammachis jijjiirraa hojii fi hojii biraa barbaaduu eegalanii turan. Hojii Raawwachiiftuu Olaantuu Itiyoo Telekoom Aadde Firehiywoot Taammiruutti Obbo Gammachis yeroos yaaddoo jireenyaa akka qaban itti himu haati warraa isaanii dubbatu. ''Itti hime, yaalii irratti gaggeeffame kana hubatte bakka sii barbaanna jetteen,'' jedhu Aadde Masarat. Haa ta'u malee, kuni milkaa'uu hin dandeenye. Dareektarri Waliigalaa Itiyoo Telekoom Aadde Carar Akliluu Obbo Gammachis jijjiirraa hojii akka gaafatan BBC'f mirkaneessaniiru. Waajjirri isaaniis Obbo Gammachis sadarkaa isaanii gad - buusanii akka gara Finfinnee dhufuu danda'an himuufis Obbo Gammachis immoo kana diduu isaanii himu. ''Obbo Gammachis Daarektara Itiyoo Telekoom damee Lixaa turan. Sadarkaadhuma hojii kanaan faayidaawwan addaa giti suni qabu waliin gara Finfinnee akka jijjiiramanif gaaffii dhiheessaniiru,'' jedhan. Qondaalli kuni gaaffiin Obbo Gammachis gaafatan waggaa dura eegale akka ta'e mirkaneessanii, Obbo Gammachis garuu deebii Hojii Raawwachiistuu Olaantuu Itiyoo Telekoom akka hin fudhanne himu. ''Sadarkaa isaan gaafataniin hojiin hanga argamutti sadarkaa hojii biraan ( Daarektaraa gadiin) akka gara Finfinnee dhufuu danda'an Hojii raawwachiiftuun olaantuu Itiyoo Telekoom eeyyamaniiruufi,'' jedhan. Dabalataan immoo, hanga sadarkaan gita hojii daarektaraa argamutti hojii biraa akka hojjetan, gaafa sadarkaan gita hojii isaan qaban (daarektara) bahe garuu akka jijjiiraman xalayaan Aadde Firehiywoot barreessan ni eera. Haa ta'u malee, Obbo Gammachis ''sadarkaa daarektara gadiin gara Finfinnee dhufuf fedhii akka hin qabnedha mul'isa,'' jedhu Aadde Carar ergaa imeelii qondaaltonni lamaan walii deebisan ilaaluun BBC'tti yeroo dubbatan. Haati warraa isaanii carraan hojii irra -deddeebiin bahaa turu himanis, Aadde Carar garuu gita hojii isaaniin hojiin akka hin baane eeru. Kanaanis, dhaabbatichi 'waan gochu danda'u godheera,' jechuun himu Aadde Carar. '... ijoolleen isaa ijoollee abbaa hin qabne hin taatu ture' Erguma yaaliin ajjeechaa irrati raawwate jedhamee booda sababa Obbo Gammachis magaalaa Naqamtee keessa turuu fedhan kan gaafanneen Aadde Masarat 'dirqamanii achuma turuuf murteessani' jedhu. 'Tokkoffaa Yunivarsiitii Wallaggaatti (kan Naqamtee jiru) kaadhimamaa doktoraati. Barumsa dhiisee deemuu hin danda'u. Lammaffaa immoo hojii yoo dhaabe maatiin akka miidhamu sodaa waan qabuf kana hin goone,' jedhu. Ajjeefamuun isaanii torban muraasa dura ''hamman du'utti na eegdaa'' jechuun Obbo Gammachis Aadde Firehiywoot akka gaafatan kan dubbatan haati warraa, kanaanis yeroos hooggantuun Itiyoo telekoom Obbo Gammachiisitti bilbiluun afaan akka waldarban himu. Sababa kanaanis, ''du'i Gammachiis karaa isheetiin hafuu osoo danda'u waggaa meeqa guutuu baksifni meeqa bahee dhabe,'' jechuun akka gargaarsi hin taasifamneef himu. Obbo Gammachis waggoota 10 olif dhaabbata Itiyoo Telekoom akka hojjetan kan himan Aadde Masarat ajjeechaa tibbanaa booda ''jiraatti warri nu gargaaruu dadhaban, du'arratti dhufanii nu ilaalaniiru,'' jechuun himan. ''Mootummaan rakkoo furu ykn hooggansi rakkoo furu jiraatee biyya kana gadhiisee bahe ijoolleen isaa ijoollee abbaa hin qabne hin taatu." "Gammeen nama biyya kanaaf bu'aa buusu malee nama maatii isaa duwwaaf bu'aa buusu miti,'' jechuun ibsu. ''Ofii isaa caalaa nama namaaf dhimmudha,'' jechuun kan ibsan Aadde Masarat, dhimmoota gaaruummaan kan hubatuufi nama kabajudha jechuun abbaa ijoollee isaanii of biraa dhaban gadda keessa ta'un ibsu.
oduu-52767408
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52767408
Gaazexeessituu LTV Beeteliheem Taaffasaa: 'Beetiiidhaaf ammas balballi keenya banaadha' jedhu Dr Gammachiis Dastaa
Gaazexeessituun LTV Beeteliheem Taaffasaa (Beetii), hojii gadhiisuushee erga beeksistee booda, abbaan qabeenyaa miidiyichaa Luba Dr. Gammachiis Dastaa, komii gaazexeessituun kun kaastu furuuf yeroo adda addaatti yaalii gochaa turre jechuun BBCtti himaniiru.
Guyyoota muraasaan dura gaazexeessituun miidiyaa dhuunfaa LTV Beeteliheem Taaffasaa (Beetii), dhiibbaa fi doorsisatu narra ga’e jechuun xalayaa galfattee miidiyacha gadi dhiisuushee BBCtti himtee turte. Gaazexeessituun kun wayita biyyattiin goolama siyaasaa keessa turtee fi fedhiiwwan siyaasaa qaamolee garaagaraa irraa garmalee calaqqisaa turanitti, dhimmoota siyaasaa, hawaasumama fi diinagdeerratti qaamolee dhimmi ilaallatu dhiyeessuudhaan hawaasa biratti beekamteetti. Wayita oduun hojii gadi dhiisuushee dhagahamus dhimmichi ajandaa guddaa ta’eera. Dhimma kanarratti kan dubbisne abbaan qabeenyaa miidiyichaa Luba Dr. Gammachiis Dastaa, komii gaazexeessituun kun kaastu furuuf yeroo adda addaatti yaalii gochaa turre jedhan. ''Obboleettii keenya Beeteliheem baayyee kabajna, ni jaal’anna, yeroo dheeraas kan nu waliin hojjetteedha,’’ jechuun kabajaa fi jaalala qabaniif ibsan Dr Gammachiis. Haala yeroo ammaa miidiyicha keessa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa akka hin jirre kan hin haalle Dr Gammachiis, ’’Beeteliheemiif hamma humni manichaa danda’etti baay’ee kunuunsaa akka waliin hojjetan inuma dubbanna. Yeroo ammaa garuu haala addunyaan yeroo ammaa keessa jirturraa kan ka’e halaala waanan jiruuf haala guyyaa guyyaa miidiyaa hin beeku,’’ jedhan. Dr Gammachiis gaazexeessituu Beetii gareewwan teekinikaa fi gulaaltota isheerraa komii akka qabdu irra deddeebiin dhaga'aa turuu himan. ''Muummeen teekinikaa, gulaaltonni, ogeeyyiin kaameeraa nan deggeran jechuun wayitasheen himattu kallattiidhaan ajaja dabarsaafii turre. Akkasaan sirriitti deggeranii fi hojjetan. Namas gegeeddaraafii turan. Akka isheef ta’utti akka hojjettuuf nama ni geeddaruuf,’’ jedhan. Miidiyaan kun miidiyaa haaraa ta’urraan kan ka’e waan isheen barbaaddu hundumaa guutuufii dhiisuu danda’a kan jedhan Dr Gammachiis, ‘’akkasheen miidhamtuuf waan hojjetan natti hin fakkaatu, an hammanuman beeka,’’ jedhan. 'Rakkoo irra ga'eef yeroo golgaa dhabde dhagahee hin beeku' Gaazexeessituu Beeteliheem Taaffasaa yeroo baay’ee dhimmoota siyaasaa falmisiisaa ta’an dhiyeessuudhaan beekamti, kanaanis doorsisni fi aggaammiin haleellaa irra ga’uu kan dubbatte yoo tahu, manni hojiishee homaatuu naaf hin goone jechuun komatteetti. Kana quba qabduu jennee Dr Gammachiisiin gaafannaan akkas jedhan: ‘’Eeyyeen, miidiyaa hawaasummaarratti duulli hedduun gaazexeessitoota ciccimoo biyya keenyaarratti ni gaggeeffama. Isheenimmoo ija jabinaan dubbii ciccimaatti waan buutuuf rakkoon ishee mudata. Abbaa Taayitaa Biroodkaastiirraa gaaffiin ishee ilaallatu wayita ka’u manichi deebii in laata. Dhuunfaadhaan wanti ishee bira dhufee manni golgaa dhowwate yoo jiraate bulchiinsa manichaa gaafachuudha, isaantu beeka,’’ jedhan. ‘’Garuu hanga ammaatti dhimma lama kan isheedhaan walqabatu qofan yaadadha: Dhiimma Abbaa Taayitaa Biroodkastiirraa dhufee fi komii Ahaaduu miidiyaa. Isaan sanaaf ammoo LTVn deebii ga’aa kenneera. Kanaan achi alaa dhiibbaa isheerraa ga’eefi xalayaadhaan waan ishee akeekkachiisan an hin beeku, dhugaa dubbachuuf waanan keessaa quba qabu hin qabu,’’ jedhan. 'Beetiidhaaf kunuunsa addaatu godhamaaf' Gaazexeessituun kun dhiibbaa ture hifattee manichaa ba’uuf xalayaa erga galfattee booda, gaaffiinshee fudhatama argachuu dubbatti. Erga taateen kun raawwatee isin dubbisuuf yaaltanii beektuu jennee isa gaafanneef Dr Gammachiis Dastaa akkas jedhan: ''Sagantaa ishee kana deggeruuf waggoota lamaan darban kana keessatti yoo xiqqaate torbanitti osoo waliif hin bilbilin, osoo wal hin dubbisin turree hin beeknu. Akkuma kanaan dura deggersa gooneefii sadarkaa kanarraan geenye ammas deggersi keenya hin dhaabatu,’’ jedhan. ‘’Yeroo baay’ee boqonnaa fudhachuu akka barbaadduu fi teessee of ilaaluu akka barbaaddu ni dubbatti turte. Wayitasheen iyyannaa galfattees sanumarraati jennee fudhanne. Garuu ammas manasheeti, balballi banaadha isheedhaaf. Yeroosheen xalayaa sana barreessites kanuman itti hime,’’ jedhan. Rakkoo turerratti waliin dubbachuusaanii kan eeran Dr Gammachiis, ‘’inumaa hanga garee teekinikaa mataa keetii siif dhaabuutti ni deemna jedheeraan. Ogeeyyii kaameeraa fi gulaaltota addatti siif kennina jedheeraan. Har’as boris balballi banaadha. Namni kennaa qabu kamiyyuu miidiyaa kana seenee hojjechuu danda’a. Manichi ajandaa biraa qaba osoo hin taane biyya ijaaruuf, dhaloota ijaaruuf akkasumas yaada warra cunqurfamtootaa fi alatti gadi dhiibamaniif sagalee ta’uuf kan ijaarameedha,’’ jedhan. Garee teekinikaa addatti hundeessuu fi yaadota furmaataa amma kaastan duraan osoo rakkoon kun hin mudatin maaliif hin raawwanne jechuunis gaafanneerra. ‘’Kana gooneerraaf. Si’a sadi, afur gareen jijjiirameeraaf. Kunuunsa addaatu isheedhaaf godhama. Isheenis kana beekti. Nama gadi qabuun, nama gaddisiisuun qajeeltoo mana hojii keenyaa miti, kaayyoo keenyas miti, tasa. Itti gammaddee akkasheen hojjettu barbaanna,'' jechuun BBCtti himaniiru.
oduu-41821344
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41821344
Waa'een namoota Naqamteetti du'ani miidiyaalee hawaasaa irratti odeeffame dogongora jedhe mootummaan
Ayyaana Irreechaa magaalaa Naqamteetti gaafa Dilbataa kabajame hordofe jeequmsa uumameen lubbuun namaa kan darbee fi qabeenya irratti miidhan kan dhaqqabe yoo ta'u, eenyummaa namoota du'aniin walqabate wanti miidiyaalee hawaasaa irratti barreeffame dogongora ta'u mootummaan naannichaa BBC'tti dubbate.
Miidiyaan naannoo Oromiyaa wanti dhiyeenya gabaase sirrii ta'uu dhabuu obbo Addisuun dubbataniiru Poolisiin osoo dhaabate ilaaluu 'dhalattoonni Tigree sadii dhagaadhaan reebamani ajjeefaman' jedhame miidiyaalee hawaasaa irratti inni barreffamaa ture dhugaa akka hin taane mootummaan naannoo Oromiyaa ibseera. Hogganaan kominikeeshinii Oromiyaa buufatawwan poolisii magaalaa Naqamtee iyyaafatani odeeffadhe akka jedhanitti eenyummaa namoota du'ani ilaalchise kaleessaa eegalee miidiyaalee hawaasaa irratti wanti qoodamaa ture dogongora ta'u mirkaneessiniiru. Dabalataanis, ayyaanni Irreechaa magaalaa Naqamteetti yeroo kabajame jeequmsa uumameen namoota sadii du'anin alatti namoonni kudhan miidhaan qaamaa olaanaa akka isaan irratti dhaqqabe quba qabu. Hogganaan waajjira poolisii magaalichaa komaandar Getaachaw Ittaanaa waldhabdee uumameef sababni meeshaan waraanaa seeraan ala ta'e mana namaa kuufameera jedhame dhara ta'u raadiyoo magaalichatti argamuuf himaniiru. Namoonni tokko tokko waldhabdee kana sababa godhachuun suuqii fi manneen kuusaa namootaa hatuu isaaniis kan dubbatan. Waldhabdee kana kaasuu fi kakaasuun namoonni jedhamani shakkaman 16 to'annaa poolisii jala seenuu isaanii obbo Addisuun BBC'tti dubbataniiru. Hogganaan hospitaala riferaala Naqamtee obbo Abrahaam BBC'f akka himanittii namoonni reebichaa fi waldhabdee uumameen miidhaan irra gahe gara hospitaalaa dhufaniiru. Isaan keessaa afur yeroosuma tajaajila fayyaa argatani manatti yeroo deebi'an kan hafan garuu achuma jiru jedhan. Gama kaaniin, naannoon Tigraay dhaabbanni miidiyaa Oromiyaa Biroodkaasting Netwoork(OBN) jedhamu dhiyeenya namni tokko, ''dolaara seeraan alaa qabate osoo socho'u qabameera'' jechuun saba isaa eere wanti gabaase dogongoraa fi dafee sirraa'uu qaba jechuun A.L.I Onkololeessa 20, 2010 xalayaa barreesseera. Naannoon Tigraay xalayaa barreesse keessatti dhaabbata maqaan isaa eerametti kanaan duras komii dhiyeessuus deebii argachuu dhabuu isaa ibsa. ''Ummata Oromoo fi Tigraay gidduutti garaagarummaa uumuun hin danda'amu,'' kan jedhan obbo Addisuu Araggaan, kanaan dura gabaasni miidiyaan kuni namoota shakkiidhaan qabaman ummata Tigraay waliin walitti fiduun gabaasuun isaa dogongora ta'u amananiiru. Boordiin dhaabbata miidiyaa kanaa guyyaa kaleessaa dhimmicha gamaggamee gabaasa irratti dogongorri jiraachuu isaa amaname lammata akka hin mudanne kallattiin kennuu isaa BBC'f kan himan. Gaazexessaan dhimmicha gabaase irrattis dhaabbatichi tarkaanfi fudhachuu isaa kan dubbatan. ''Kanaan duras dogongorri yoo hojjetameera ta'e ni gamaggamna,'' jedhaniiru. Magaalaa Mattuu dabalate namoonni eenyummaa isaaniin hidhamuu isaanii isa odeeffamuus naannichi qorataa akka jiru obbo Addisuun ibsaniiru.
oduu-56276988
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56276988
Covid: Xaaliyaan talaallii AstraZeneca Awustraaliyaatti ergamuuf kahe uggurte
Mootummaan Xaaliyaan talaallii Oxford-AstraZeneca gara Awustraaliyaatti ergamuuf ture dhaabsise.
Murtee kanaan talaalliin doozii 250,000 wiirtuu AstraZeneca Xaaliyaan keessatti oomishameetu akka hin ergamne taasifame. Xaaliyaan biyyoota EU keessaa qajeelfama, alergii talaalliirrati bahe hojiirra oolchite ishee jalqabaa taatee jirti. Dambii kanaan kaampaaniin talaallii oomishu yoo dirqamasaa biyyoota Awurooppaa keessaa hin guutne tahe, biyyoota alaatti akka hin ergineef biyyi tokko dhaabsisuu danda'a. Awustiraaliyaan akka jettetti ergamuu dhabuun ''geejiba tokkoo'' karoora talaallii jalqabsiisuu hin danqu. Gabaasaaleen, murtoo kana Komishinii Awurooppaallee ya deeggare jedhan. Kaampaaniin AstraZeneca biyyoota miseensota tahaniif kan waliigale keessaa %40 qofa dhiyeessuuf karaarra jira. Kunis ji'oota sadan baranaa keessatti ture. Rakkoo oomishaatiin walqabateen hanqinni kun mudachuu hima. Amajjii keessa MM Xaaliyaan Juseeppee Koontee dhiyeessii talaallii AstraZeneca fi Pfizer harkifachuun isaa ''fudhatama hinqabu jedhanii turan. Kaampaaniiwwan kuniin waliigalteesaanii diigan jechuun himatan. Gamtaan Awurooppaa sagantaan talaalliisaa harkifachuu isaatiin komatama. Sagantaa talaallii EU Waxabajjii dabre hundaa'een, gamtichi biyyoota miseensotasaa tahan bakka bu'uun talaallii bituuf waliigale. Murtoo Xaaliyaanii kanaaf yaadni gama EU's tahe AstraZeneca irraa kenname hinjiru. Awustiraaliyaan sagantaa talaalliishee torban dabre keessa qorsa Pfizer midhaasseen eegalte Awustiraaliyaan sagantaa talaalliishee torban dabre keessa qorsa Pfizer/BioNTech midhaasseen ture kan eegalte. Talaallii AstraZeneca'n oomishe ammoo gaafa Jimaataa kennuuf karoorfattee turte. Xaaliyaan maal jette? Mootummaan Xaaliyaan Komishinii Awurooppaatti torbee dabre dhiyaachuun, geejjiba kana dhorkuuf akka jedhu hime. Sababa dhorkaa kanaaf kennees: Awustiraaliyaan tarree biyyoota ''saaxilamoodha'' jedhaman keessa hinjirtu. Akkasumas Gamtaa Awurooppaa fi Xaaliyaan keessa hanqinni talaallii yeroo dheeraa jiraachuu kaasan. Kana malees lakkoofsi doozii talaallii ergamuuf ture kun, lakkoofsa isaaniif kennameniyyuu ol tahuu eeran. Awustiraaliyaan hoo? Awustiraaliyaan gamasheetiin talaallii doozii 300,000 tahu amma dura fudhachuu ibsuun, ji'a dhufuttis biyyumatti oomishuuf karoorfachuu beeksiste. ''Oomishni biyya keessaa torbanitti dooziiwwan miiliyoona tokko midhaassuu, xumura ji'a Bitootessaati eegala,'' jedhan Ministirri Fayyaa biyyattii Greg Hunt. ''Geejibni [Xaaliyaan] kun karoora raabsaa keenya torbanoota dhufanii keessa hin turre.''
oduu-49027485
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49027485
Obbo Baqqalaa Nagaa: 'Haala amma jiruun dhaabota Oromoo hundumaa wajjinin hojjechuu murteessine'
Barreessaan paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Baqqala Nagaa waggoota muraasa dura sababa hidhaafi mormii miidiyaaletti waan himaa turanif mana keessa ugguramanii turan.
Obbo Baqqala Nagaan ammallee barreessaa paartii KFO ta'un hojjetaa akka jiran himu Erga uggurri irraa ka'e as maalitti jiru? Siyaasa Oromoofi Itoophiyaa akkamin ilaalu? Maaliif miidiyaa irraa dhabaman kan jedhuufi kaan gaafanneerra. Akka kanaan gadiitti dhihaata. Obbo Baqqalaan eessa dhaqani jedhu namoonni. Isin eessa jirtu? Ani Finfinneedhuman jira. Yeroo dukkanaa, yeroo rakkinaa sana Oromoodhaaf sagalee ta'un nama miidhu sanatti warri sagaleekoo dhagahan ammayyuu nagaafatu. Baay'ee galatoomaa naan jedhi Oromoo hundumaanu. Garuu yeroo ammaa kanatti namni haasa'u baay'etu jira. Akka yeroo sanaa rakkinni baay'ee hin jiru. Beekumsas kan na caalan jiru, umuriin koos naannoo jahaatami wayi gaheera. Kana malee ammas Barreessaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo tahe hojjechaan jira. Garuu, kanaan dura barreessaa taatani akka dubbii himaa dhaabichaas hojjetaa turtan. Sababni ijoo akka midiyaatti hin mul'anne isin dhorke kanuma dubbatanimoo kan biraadha? Otoo nu haasofne wayya kan jedhanis jiru. Amma haasa'un rakkina waan hin qabneefis ta'e sababa adda addaatin namni hanguma beeku walitti adeema. Dhiibbaan addaa narra gahe jechaa hin jirtaniimi? Amma dhiibbaan homtu hin jiru. Duris Oromummaa namni namaa hin kennu. Namoonni dhaaba keessan keessa ofumaa dubbachuu barbaadan jiru naan jettani. Tarii dhiibbaa wayii isinirra gahaniiru ta'aa? Miidiyaatin yeroo ammaa kana dubbachuun baay'ee barbaachisaa natti hin fakkaatu. Yeroon isaa gaafa gahe inuman haasa'a. Yeroon isaa gaafa gahe Oromoottis nan dubbadha. Amma yeroo isaa miti. Osoodhuma gaaffii gara biraatti dabarre wayya. Yeroo mormii ummataafi mormii maastar pilaanii Finfinnee waan miidiyaaletti dubbatan dhorkuf mana keessaa akka hin baane ugguramtani turtan. Mana keessa ugguramun badii maalii isinirraan gahe? Gara waggaa lamaa taha kanin ture (uggurame). Gadi bahani haasa'u, wal gahii tokko tokko irratti hirmaachuu, biiroo dhaquu na ugguraniiru. Balbaluma koorra ta'ani ramadamanii akka gadi hin baane na eegaa turan. Isa qofaa osoo hin taane dinagdeedhaanis baay'ee na miidhani. Anis gadi bahe hojjedhee galu hin danda'un ture. Manan ijaarradhe sababa misoomaa jedhani narratti diiganiiru. Mana qarshii miiliyoona lama naaf baasu qarshii kuma 140 qofa natti kennanii diigani. Yeroo ammaa mana ijaaruun hammam tokko rakkisaa akka ta'e hundumtuu hubachuu danda'a. Magaalaa walakkaa keessaa nafuudhani qarqara lafa qonnaan bulaan amma itti falmaa jiru, naannoo Arraabsootti na ergani. Darbee darbee namoota hidhamani hiikaa jedhe yeroo sanas mana taa'ee dubbachaan ture. Barii isaa immoo doorsisu. Ammayyuu hin diddeeyi. Ijoolleekee akkas goona naan jechaa turani. Inni guddaan mana keessa taa'uuniifi karchalleetti hidhamuun garaagarummaa qaba dhugaadha. Barreessaa ta'en tajaajilaa jira jettani. Isin miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu dhaaba KFO akka taatan beekna. Wanti kuni sirriidhaami? Dhugaadha. Amma maal hojjechaa jirturee? Yeroo duraanii kophaa dhumakoo barreessaas, ergamaas, af - yaa'iis, hundumaa kophaan hojjedhan ture. Yeroo hidhaa sana Dr Mararaa wajjiin mari'annee amma yoo hidhamne eenyutu iddoo keenya bu'aa jennee mari'anne. Achi Obbo Xurunaa Gamtaa gaariidha, karaa dargaggoo immoo birmadummaa osoo ta'e gaariidha jennee waliin mari'anne. Akkanaan waligalteedhaan osoo jirruuti hidhaan kuni kan dhufe. Amma egaa torbaniin, kudha afraniin walgahii irratti nan argama. Walgahii irratti yaada nan kenna. Akka kanaan dura biiroo keessa taa'ee chaappaan na harka jiraatee waa barreessee hojjechaa hin jiru. Kan hojjataa jiru Obbo Xurunaa fa'i. Duratti kan naaf kaastani, tarii hiika biraa ummata biratti akka hin qabaanne wanti ta'e sun dhaaba keessa waliigalteen akka hin jirre waan agarsiisu fakkaata. Amma dhaaba kamiiniyyuu taanaan manuma ofi keessayyuu taanaan yeroo hunda waligalteen dhibbantaa 100 jiraachuu dhiisuu mala. Akka nama qabsoo Oromoo hogganaa ture tokkotti immoo har'a ka'e kun kana kun kana yoon jedhe dubbadhe qabsichaafis gaarii hin ta'u. Dhaabi keessan dhaaba ABO waliin walitti dhufee hojjechuuf yaada akka qabu gama lamaaniinuu ibsamee ture. Maalirra gahe? Koreen namoonni sadii keessa jiran hundeessineerra. ABO qofa osoo hin taane dhaabota Oromoo hundumaa wajjinin, ADO wajjiniis, kanneen biroo ciccitanii hafan wajjinis hundumaa wajjin haasofnee haala amma jiru keessatti Oromoon gargar bahuun isaa gaarii hin ta'u jennee kan murteessine marii guddaa erga taasifne booda. Haa ta'u malee, kuni ciminaan akka hin deemne gaafa tokko Dr Mararaanis waan kana irratti yaada kenneera. Kanaan alatti murtaa'ee, gara tokkummaatti baanee seera irratti hundoofnee akka Oromoon barbaadu sanatti waan goone hin qabnu. Eegalameera. Garuu, isarratti hunduu yaada tokko qaba jechuu miti. Akka dhuunfaatti osoo tokko taane baay'ee gaariidha. Dhaaboleen kuni hundumtuu (kan dhimmi Oromoo irratti hojjetan) garaagarummaa kaayyoo hin qabani. Keessammoo warri jiranu dhaabuma biraa taanetu filannoo irratti walgargaarra malee akkamitti tokko taana warri jedhanis jiru. Kanaaf, yaadni dhaaba keessan qabu walitti baqudhaafimoo qindoomani hojjechuudhaafimoo maali? Kana irratti yaada garaa garaatu jira. Irratti baanee hin murteessine. Anaafi warri na fakkaatan osoo tokko taanee jenna. Kaanimmoo, filannoo irratti wal haa gargaarru jedhu. Yaada lamatu jira. Siyaasa biyyya keessaa kan Oromoo dabalatee akkamin ilaatu? Maaltu tole? Maaltu cabe. Maaltu sirra'uu qaba? ADWUI keessa warri jijjiirama barbaadanu ijoolledhuma keenya kanneen akka Dr Abiy, Obbo Lammaa kanafaa jijjiirama kana warra kaan walin harka walqabate qabsoo qeerroo itti makne ala sana. Bu'aa guddaas buusaniiru jarri kuni. Bu'aa guddaa buusan kana irra deebisani kaasuun hin barbaachisu. Obbo Baqqala Nagaa yeroo maastarpilaanii mormuuf hiriirri magaalaa Finfinnee keessatti taasifame Garuu, akka Oromootti jijjiiramni kun garamitti adeema isa jedhuf waan lafa kaa'ani saba isaanitti himan hin qabani. Kana waan ta'ef, gara kamitti adeemu kan jedhu akkuma itti gammanne sanaa shakkiis isaanii irraa qabna. Shakkiin keenya garuma duriitti nu deebisu laataa? Itoophiyummaadhaa jedhani Oromummaa balleessuu laata? Waan jedhu gammachuu, deeggarsa keessa ni shakkina. 'Critical Support' kan mootummaa kanaaf qabnu. Kan kana jennuufis gaaffiin Oromoo baay'een isaa abbaa biyyummaa, Afaan Oromoo afaan hojii biyyaalesaa, akkasumas gaaffii Finfinnee irrumaa baqataa jiru jarri keenya kuni. Ammammoo isumayyuu darbeemmoo namoonni keenya warri kanaan dura hidhaa turan amma hidhaatti deebifamaniiru. Jarri kuni maaliif hidhamani jennee gaaffii dhiheessinaan nama booji'ametu jira jedhan. Namni keenya lola keessa hinjiru, qabsoo karaa nagaatin qabsaa'a. Jaarsi waggaa 70 eessatti lolee booji'amaa? Namni tokko osoo lolarratti hin argamin mana isaa taa'ee qonna isaa qotataa jiru Oromoon akka kaleessaa sana dararama taanaan mootummaan kuni kana sirreessuu qaba. Isin dhimma waraana bosonatti hafe, lakkoofsaaniis xiqqaatu Maqaa ABO's himatu, yaadni keessan maali? Ejjennoon dhaaba keessan maali? Rakkinni Oromoo inni guddaan ABO fi OPDON (ODP'n) waligaltee isaanii hojiirra oolchuu dadhabuu isaaniiti. Gadi taa'ani mari'achuu maaliif dadhabani. Aangootu durse. Aangoo barbaadani. Oromoon isa alatti gochaa ture biyya keessattis waan fudhate gale fakkaata. Alatti ABO'n bakka shanitti bahun isaa sababni isaa maali yoo jennee gaafanne waan tokkoyyuu miti sababni isaa aangoo malee waan biraa hin qabu. Ani dura taa'aa ta'un qaba, ani barreessaa ta'un qaba hundumtuu aangoo barbaade. Ammammoo ala biyyatti galamu kanasi, ODP keessa warri ABO'n akka hin jiraanne barbaadan jiru, karaa ABO's rakkinni jira. Attam biyya kana keessatti mootummaan lama qawwee qabatee socho'uu danda'aa? Biyya kam keessa jira kuni? Amma Qeellamitti kan du'aa jiru warra qawwee baatee deemaa jiru duwwaadhamoo Oromoo buna bu'u akka buna hin buune, Oromoo midhaan facaafatu akka midhaan hin facaafanne, Oromoo sa'aa isaa tikfatu akka hin tikfanne kan ta'e Oromoo isa nagaadha. Inni kuni gara fuulduraatti akka mudatu waan nutti mul'atef araara sana wajjiin dhaabbannee akka inni fiixaan bahu yaalii goone. Haa ta'uuti karaa lachuu, karaa ODP's araarichi akka hin xumuramne warri barbaadan karaa ABO'tinis impaayera qawween ijaaramte qawweedhaan diigna warri jedhu warri humna qawweetti amanu waan jirudhaafi kana gidduutti Oromoon rakkate. Kana gidduutti Gujiin rakkate, kana gidduutti Wallaggi rakkate. Haala biyya Itoophiyaa keessa ala ilaallee jennu bitaadhaanis, mirgaanis, Kaabaas, Kibbaanis maaliif wacamaa jira? Oromoo cabsuudhaaf akka deemaa jiranu natti fakkaata. Kanaafuu, kana ilaalanii badiiyyuu haa qabaatu malee badiisaatti mootummaa kana gorsaa karaa nagaatin immoo waan gaafannu gaafachaa itti adeemuu qabna jedheen amana. Yaada keessanif guddaa galatoomaa. Isinillee fayyaa ta'aa.
oduu-56736862
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56736862
Namoota ishee gudeedanii maatiishee gartokko ajjeesaniif dhiifama goote, ta'us ammallee biraa hin hafne
***Akeekkachiisa : Barreeffamni kun ibsa miidhaa saalaa suukaneessaa tahe of keessaa qaba*** Feenii Eskoobaar, hoggantuun hawaasaa Kaaba Lixa Kolombiyaa, imimmaan ishee akka fixatte dubbatti.
'Ani haadha ijoollee afuriiti, sadan isaanii ammayyuu jiru. Garuu ijoolleen guddifadhe baay'een qaba. Ijoollee ijoolleekooti sagalan qaba' ''Sagaleekoo dhagahi'' naan jette. '' Yeroon dubbadhu, addaan citee achumaan gadi bu'a. Garuu hin boo'u. Amma bo'uudhaaf imimmaan naaf hafeeru hin qabu.'' Yeroo gaddaan guutamtu, harki ishee hollachuun akka malee jeeqamti. Eskoobaar umuriishee ganna 57 darbetti naannoo waraanni itti heddumatu Yurabaa keessati waan dabarsite natti himtee yeroo raawwattu, akka cabbiitti qorrite. Riphee loltootaafi humna waraanaan gudeedamteetti, doorsifni ajjeechaa irra gaheera. Qe'ee ishee irraa buqqifamteetti. Ijoolleen isheerraa dhalataniifi kan abbaa warraashee guddifatte ajjeefamuun yeroo gaddaa hedduu dabarsiteetti. Abbaan warraashee yeroo baay'ee dhugaatii dhugee mana yeroo galu baay'ee ishee dararaa ture. Dhukkubni kaanserii ishee qabeyyuu sababa dhiphina waraana naannichaa irraa akka tahe himti. ''Dhiphina sana hundaa, meeshaa ittisaa kaawwachaan ture, kuni hundi keessakoo fixuun harmakoo narraa fudhate. Kaanseriin qaama koo keessa faca'e. Amma ijikoo mirgaa badaa hin argu. Dhiphina sanaan qaamakoon summeesse. Har'a kaanseriin diinakoo isa hamaadha.'' Namoota jireenyishee akka fiilmii fakkaatu dubbataniin maal jetti? ''Dubartoonni biroo si'a torbaafi saddet humnaan gudeedaman jiru. Ammas daangaa isaanii keessatti kan gudeedamaa jiran jiru... jireenyikoo kanaan yoo wal bira qabamu homaayyuu miti,'' jette Iskoobaar. Iskoobaar hoggantuu hawwaasaa Kolombiyaa keessaa nama tokko. Dhaabbata 'Mujeres del Planton' jedhamu hogganti. Dhaabbatichi sagalee akka argataniif kan falmu, ijoollee isaanii yakka keessatti akka hin kufne kan ittisu, sarbama isaanirra gahu kan mormuufi yoo miidhaan irra gahu dhaabbachuu baates haqa akka argatan kan hojjetudha. Iskoobar ammas hojii keenya keessa galte jedhamuun namoota gareen saamichaafi miidhaa geesisaniin doorsifamaa jirti. Gareen kun miseensota garee waraanaa waggoota kurnaniif ishee hordofaa turanidha. Kun doorssa akkasumattii miti. Bara 2020 keessa hoggantoota dhaabbilee hawwaasaa 309 tahantu Kolombiyaa keessatti ajjeefame. Namoota 40 kan tahan ammoo jalqaba ji'oota bara 2021tti ajjeefamaniiru, akkaataa daataa dhaabbata biyyichaa Indepaz jedhamuutti. Iskoobaar yeroo dhiyootti ragaa namoota mirga namoomaa sarbuun ajjeefamaniitti makamuu akka dandeessu sodaa qabdi. ''Garuu ani du'a hin sodaadhu. Yeroo hundayyuu nan jedha, du'uufan dhaladhe,'' jette. Odeessaalee yakka dirqamaan gudeeduu biroo: 'Akka dhiirota Maachoo' Dubartootni kunneen hoggantoota siyaasaa fi dhaabbilee hawwaasaati. Weellu durii garbummaa irraa gara bilisummaa sirbame sirbaa jiru Iskoobaar Kaaba Kolombiyaa, naannoo gammoojjiifi hawaasa hiyyeeyyii lafichaa Waayyuu jedhaman keessatti dhalattee guddatte. Maatiin ishee yeroo isheen ijoollee turtetti gara Yurabaa, cina Panamaa jirutti deeman. Booda haadha ishee irraa adda bahuun gara naannoo riphee loltootni 'Popular Liberation Army' jedhaman baay'inaan jiran 'Gulf of Uraba' jedhamutti deemte. Akkaataa aadaa Guwaajiraatti, bara dargaggummaa isheetti maatiin ishee nama filatanitti heerumsiisan. Akka aadaa isaaniitti abbaanshee ilmoo re'ee fudhachuun intala isaanii Iskoobaariin kennan. ''Hojii dhiiraa jedhamus sana booda hojii qonnaa eegalte. Barii sa'a 10:00ttin hirribaa ka'a. Horii elmeen, bobbaasa. Akkamiin akka jiboota kolaasan nan beeka. Hojii barbaachisu kana hundaa nan baradhe. Akkamiin akka guluffii fardaa leenjisanis beeka. Akka dhiirota Maachoo," jette. Akkuma dhiiraatti humna cimaa qabaachuu, mirgaafi itti gaafatama qixa taheef saaxilamuun adabbii cimaan keessa darbedha jette. 'Dubartii cimtuu tahuukeef waanuma si mudatudha' In Colombia, many community leaders say they fill the void left by an absent government Bara 1990 keessa yeroo naannichi humnoota waraanaa naannicha socho'aniin qabame; yeroo waraana Kolombiyaa sana haleellaa humni kun dhaaqabsiiseen yeroo kamiyyuu caalaa namootni baay'een ajjeefaman. Akka ragaan agarsiisutti gareen waraanaa hidhatee socho'aa ture, humni waraanaa lola galaniin, qonnaan bultoota miliyoona jaha tahan Yurabaa keessaa lafa isaanii dhabsiisan. ''Humni waraanaa foxxoqee socho'u waan barbaadan hojjetan. Garuu akkasuma hamoodha,'' jette Iskoobaar. Waan suukaneessaa yeroo sana ishee mudate dubbachuu jalqabdu hollachuu eegalte. Namootni fardaan deemaa turan obboleettiin kee ni bareeddi na jedhan. Kanaafuu guyyaa 20 booda deebi'anii akka ishee fudhatan natti himan,'' jette. Iskoobaar obboleettii ishee dhoksuun hamma isaan deebi'anii dhufanitti qofaashee mana teessee isaan eegde. Fanny Escobar is 57 years old, and says she was born to die Yeroo deebi'anii dhufan bishaan na gaafatan. ''Guwaajiraatti bishaan okkoteedhaan waan keenyuuf ni diilallaa'a. Yeroon isaaniif kennuuf ol seenu namni lama mana keessa anuma cinaa jiru,'' jette Iskoobaar. ''Karaa balbala duubaa ammoo dhiirotni biroo shan ol seenan. Isaan keessaa namni iskaarvii morma irraa qabu tokko kolfe. 'Is this the 'berraca'? [jechuun kun dubartii ishee rakkistuu kolombiyaa]. Ishee aangoo guddaa qabdumoo?'' Akkam ooltan naan jedhe. Kabajamoo maal isin gargaaru? Abban manaakoo hin jiru. Akkasumas hogganaankoo. Horii bobbaasuu deemaniirun,'' jedhe jetti. ''Kanumaan nuyis isaaniin hin barbaannu si barbaanna, ''ishee rakkistuu', jedhan jetti. Akka isheen qofaashee turte beeku. Maatiin ishee tokkollee akka hin jirres beeku. Kanaafuu ishee gudeeduu dhufan. Dhaabbata Mujeres del Plantónnaannolee Kolmbiyaa shan keessatti miseensota hedduu qaba. Dhaadannoon isaanii ''gonkumaa hin callisnu'' kan jedhudha "Hogganaan isaanii jalqaba na qabee na dhungate. Sana booda siree irratti na darbatee warri kaanis waan barbaadan narratti hojjetan. Akkas na jedhan, cimtuu waan taateef 'berraca' ofirraa ittisuu qabda ture, na jedhan.'' Na dhiitan, na reeban. Namni lama akka barbaadanitti natti fayyadamanii... kolfan. ''Gochaa abaaramaa akkasii booda... homtuu natti hin dhagahamu. Qaamakoo akkan dhiisetti natti dhagama. Akkan nama eenyuummaasaa dhiisee ofirraa godaane wayii natti dhagahama. Akka dhukkubbiin homaatuu natti hin dhagahamneetti.'' Iskoobaar yeroo gudeedamte sana ulfa turte. ''Waa'ee mucaa ulfaa'ee yaaduun jalqabe. Na ajjeesaa, garuu mucaakoo dhiisaa. Nan yaadadha, deebi'ee dhufeen mucaakoo akka hin miine gaafachaan ture. Meeshaa waraanaan na waraanan. Na waraananii keessaa baasan. Dabalanii waan na waraanan natti fakkaate. Lafatti waanan kufeef waanan du'aa jirun sehe,'' jette. Sana booda ulfishee irraa bahe. ''Haloo na bahan. Jireenyakoo balleessuu yaadan.... kanaanis milkaa'aniiru,'' jette. Akkaataa dhaabbata qorannoo Kolombiyaa 'Observatory of Memory and Conflict' jedhamuutti bara 1958 hanga 2018 gidduutti namoota 15,738 irra miidhaan qaamaa gaheera. Gudeeddiin duras, ammas akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamu. Miidhamni Feenii Iskoobaar as irratti hin xumuramne. Humni waraanaa kun abbaa warraashee ''miseensa tokkummaa daldaltootaa'' waan taheef ajjeesan. Booda ilmi isaa ''waa'ee dhugaa ajjeechaa abbaasaa waan ifatti dubbateef itti dabalanii ajjeesan,'' jette. Dubartoota baay'eef hoggantootni dhaabbilee hawwaasaa gargaarsa kennu Mormii callisaa Iskoobaar ammalle hollachuu jalqabde. Kanaaf akka afuura fudhattun itti hime. Garuu harkashee qaqabachaa akkas jette: '' Itti haa fufnu.'' ''Ammas irra deebiin nan ka'e sababni isaa jireenyaafi galmi isaa akkas waan taheef. Yeroo tokko tokko yeroo kufnu, cimnee akka kaanuufi,'' jette. Kan nama ajaa'ibu ammoo, nama ishee gudeedeefi barootaaf ishee ari'ataa tureef dhiifama gochuu nan danda'a jette. ''Dhiifamaan jijjiirama fiduun salphaadha,'' jette. Bara 2013 keessa, loltootni karaa guddaa magaalaa Yurabaa irratti dubartoota sadii gudeeduun ajjeesan. Akkuma guyyoonni darbaniin namni yakka hojjete osoo hin adabamiin kan hafu fakkaata. Iskoobaariifi ollaan ishee qondaalota abbaa taayitaa mana murtii irratti mormii walitti fufe gaggeessan. Haala kanaan ture dhaabbanni ishee 'Mujeres del Plantón,' kan hojii jalqabe. Dhaabbatichi amma kutaa hojii Kolmbiyaa shan keessa jira. Dhaabbilee miti mootummaa adda addaa gargaaruun leegaasii hojii 'Ruta Pacifica de Mujeres' hordofu. Kun mormii dubartootni 2,000 tahan 1990 keessa dhageesisanidha. Feeni Iskoobar hojiin ishee akkuma gageesitota dhaabbilee hawwaasaa kaanii uummata ishee akkuma maatiisheetti kunuunsuudha Akka biyyoota Laatin Ameerikaa kaanii Kolombiyaa keessatti warraaqsi siyaasaa hin gaggeeffamne. Aadaan fincilaa hin jiru jedhama. Garuu naannolee kanneen keessatti mormiin karaa callisaa taheen gaggeeffamaa ture. ''Yurabaan ammoo bakka jeequmsi irraa hin fagaannedha. Gidduugala mormiis taateetti. Irra caalaan isaa ammoo dubartootaan gaggeeffama. Sababni isaas baay'een isaanii abbaa warraa malee hafaniiru. Duudhaan hawwaasa isaanii cabuu argan,'' jette Ariinaa Kuustaa ogeettiin Sooshooloojiifi dhaabbata 'Ideas fo Peace Foundation' jedhamutti ammoo qorattuu taate. "Hojiin isaanii waliigalaa gara fincila daandiitti bahuu miti. Dhimma hawwaasaa kamiyyuu ni qindeessu, ni furu. Dhiyeessii bishaanii, mana barumsaafi daandii naannoo isaanii to'atu,'' jette Kuustaan. Har'a Iskoobaariifi hoggantootni dhaabbata isaanii 'Mujeres de Plantón' humna garee hidhattootaa Apaartadoo keessaaf yaaddoo guddaa tahaniiru. Sodaan koo inni guddaan ijoolleen keenya, ijoolleen ollaa keenyaa fi ijoolleen ijoollee keenyaa ''jireenya yakka hojjechuu'' kanatti harkifamuu laata isa jedhudha jette Iskoobaar "Dirree taphaa sana argitee?'' jechuun gaafatte Iskoobaar. ''Gabaa qoricha sammuu hadoochuu banaa tahedha. Yeroo hundumaa halkan halkan achi turu. Waan xixiqqaa hidhanii walii isaaniif, ijoollee keenyatti, ijoollee ollaa keenyaatti, ijoollee ijoollee keenyaatti kennu.'' ''Gareen saamtotaa kun ijoollee gara qoricha sammuu hadoochu fayyadamuutti galchu. Waan xixiqqoo suuta suutaan itti kennuun gara araadaafi daddabarsa qoricha kanaatti isaan galchu. Sana booda ammoo bakka nama biraa qabatte jechuun, yookaan ammoo waan isaan hojicha didaniif yookaan ammoo waan gurguruufii didaniif isaan ajjeesu,'' jette Iskoobaar. "Kanaaf jecha baanee 'murga' [fincila] jalqabne. Haala kanaan bakka gurgurtaa qorichaa isaanii kudhan akka cufaman goone,'' jette. Hoggantootni dhaabbilee hawwaasaa hojii yakkaa akkasii haala kanaan akka dhaabbatu godhan kan jettu Iskoobaar, sababa kanaaf akka isaan irratti xiyyeeffatameef garee yakka hojjetu kanaan ajjeefaman jechuun himti.
oduu-50709589
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50709589
Itoophiyaa: Gaaffiin naannoo ta'uu Gedewoo maal irratti argama?
Gaaffiin naannoo tahuu Sidaamaa erga ragga'en booda, Naannoo Kibbaatti gaaffileen naannoo tahuu ammas godinaalee biraatiin dhiyaataa jira.
Gaaffilee warra kaaniin dhiyaatan keessaa gaaffiin Gedewoo kaanirraa adda jedhu hayyonnifi dhalattoonni godinichaa. Godinichi haala teessuma lafaa isaa irraa kan ka'e - kana jechuunis erga Sidaamaan naannoo tahuu mirkaneeffatee, Gedewoo Naannoo Kibbaa wajjin daandiin qunnamsisu hinjiru. Kanumaafis naannoo Kibbaa keessa ta'e itti fufuu kan hin dandeenye ta'uu ammoo akka sababaatti kaahu. ALI Sadaasa 11, 2011'tti gaaffiin naannoo tahuu ifatti dhiyaachuus, miseensonni mana maree Godinichaa kan ta'an Aabba Tsaggaayee Taaddasaa BBC'tti himaniiru. Manni maree Godinichaas erga irratti mari'atee booda, gaaffichi sirrii ta'uu amanuun dabarseera jedhu. Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisuu maltan: Aabba Tsaggaayee Taaddasaa Mana Maree Naannoo Kibbaatti walitti qabaa dhimmoota sabalammootaati. Godinichatti ammoo Qajeelcha Aadaafi Turizimii keessatti qorannoofi qindeessaa Aadaa, Seenaafi Ambaalee ta'un hojjataa jiraachu himu. Gaaffiin Mana Maree Godinichaa maalirra gahe jennee gaafanne. Akka isaan jedhanitti murtee Sadaasaan booda, Ji'a Ebla irratti manni maree Godinichaa walitti qabamuun, dhimmicha irra deebiin gamaaggamuu yaadatu. Haa tahu malee sababa qaama raawwachiisuu tureen, dhimmicha gara fuulduraatti deemsisuun akka hin danda'amne, koreen gabaasa dhiyeeseera. Achis hojii raawwachiiftuun irra deebiin bakka bu'ummaa fudhachuun, haga Caamsaa 15, 2011tti mana maree naannichaaf gaaffii akka dhiyeessu, gaafas murtaa'uu yaadatu. Manni maree Godina Gedewoo, naannootti akka gurmaa'u; bulchiinsa of danda'e akka hundeessu murtee dabarseera ka jedhan Aabba Tsaggaayeen, gaaffiin kun garuu haga yoonaa naannichatti akka hin dhiyaanne mirkaneessu. ''Dhiibbaa hojii raawwachiiftuu Paartii naannoo Kibbaa bulchu (WDUK) irraa kan ka'e, koreen hojii raawwachiiftuu mana maree godinichaa ergama isaa galmaan gahuu hin dandeenye,'' jedhu Obbo Tsaggaayeen. Gaaffiin naannoo tahuu amma maaliif dhiyaate? Uummanni Gedewoo gaaffii ofiin of bulchuu irra deddeebiin dhiyeessaa turuu, Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa ka ta'an Piroofesar Taaddasa Kiixee BBCtti himan. Haa tahu malee ''gaaffichi ukkaamfamaa ture'' jedhu. Aabba Tsaggaayee gamasaaniitiin gaaffiin kun mana maree godinichaaf ifatti ka dhiyaachuu eegale, ''2010 keessa erga dhalattoonni Gedewoo godinichaan ala jiran ajjeechaa fi buqqaafamuun irra gahee, mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo barbaachisaa ta'e kennuu dhabuu isaaniitiin'' jedhu. Wayita sanatti 'wayita rakkoon nurra gahu, otoo miseensa mootummaa federaalaa taanerra tahe, silaa gaaffii keenya kallattiin dhiyeessina ture,'' mirri jedhu ture jedhu. Qabxiilee gaaffii naannoo ta'uuf kakaasan keessaa bara 2009tti, gaaga'ama godinichatti uumameen, balleessitoonnifi lammiileen nagaa jumlaan otoo addaan hin baafamiin hidhamuu isaaniiti jedhu. Hidhaa jumlaa kanaanis lammiileen 3000 ol tahan mana hidhaatti erga galanii booda, balleessaan isaanii mirkanaa'uu waan dhabeef gadhiifamuusaanii ibsu. Manni Maree Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (Human Rights Council) gabaasa yeroo sanatti baaseen, Godinichatti aanaalee garagaraa keessatti haleellaa sabummaa irratti xiyyeeffatee gaggeeffameen, namoonni 31 lubbuu yoo dhaban, kanneen 101 tahan ammoo madaa'aniiru. Taateen kun hawaasa godinichaa kan rifachiise yemmuu tahu, gochaan gara jabinaa qaamolee nageenyaa mootummaan raawwatame, dhimma ofiin of bulchuu Gedewoo cimsanii akka itti fufan gochuu dubbatu. Kana gidduutti 2010tti hawaasni Gedewoo Oromiyaa keessa jiraatan kuma kudhanitti lakka'aman buqqaafamuufi xiyyeeffannoon argate gadaanaa ta'uu gaaffichi gara fuulduraa akka dhufu sababa tahuu dubbatu. Seenaa gaaffii eenyummaa uummata Gedewoo Uummanni Gedewoo sirna bulchiinsaa jabaa Baalee jedhamu akka qabu Piroofesar Taaddasa ni dubbatu. Haa tahu malee, bulchiinsa baratamaan ala tahe wayita dhufu - baballina lafaa mootii Minilik irraa qabee diddaasaa agarsiiseera. Gedewoon mala bulchiinsa lafaa aadaa Darabaa jedhamu kan qabu yogguu tahu, dhuma bara 1880tti, baballachuun waraana Minilik, abbaa lafummaa Gedewoo guutummaatti harkaa fudhateera jedhu. Gaaffii ofiin of bulchu Gedewoo warren kaasan, taateen seenaa kaasan inni biraan diddaa qonnaan bultootaa ALH 1952tti adeemsifamedha. Diddaan qonnaan bultootaa kun kan tahe 'Michillee'tti akka ture kan kaasan jarreen dubbisne lameen kun, diddaan qonnaan bultootaa Michillee, gaaffii ofiin of bulchuu Gedewoo keessatti iddoo olaanaa akka qabus ni eeeru. Piroofesar Taaddasaa gamasaaniitiin, waraana kana booda bulchiinsi Hayilasillaasee naannoo Gedewoo irraa uummatoota kaasuun, kibba Oromiyaatti qubachiisuu dubbatu. Wayita bulchiinsa Dargiittis, ALH 1971 haga 1973tti diddaa tureef sababni inni olaanaa, oomisha ofii gatii gabaan murteessuun akka gurguruuf kan gaafateefi dhimma koorratti anatu murteessa gaaffii jedhu akka tures ni kaasu piroofesarichi. Diddaan kunis iddoo Yirgaa Caffeerraa fagaattee argamtu Raagoo Qishaa jedhamtutti taasifame. Jarreen lamaan kun gaaffiin kun bara ADWUI's itti fufee as gahuu dubbatu. Waggoota jalqabaa ADWUIn aangoo qabateetti, uummanni Gedewoo uummatoota Sidaamaa fi Kibba Oromiyaa waliin jiraachaa ture jedhan. Keessumaa refarandamiin 1988tti Godina Gujii fi Godina Gedewoo gidduutti gaggeeffameen, naannoleen tokko tokko gara Oromiyaatti dabalamuu dubbatu. Piroofesar Taaddasaa refarandamiin wayita sana gaggeeffame seera hordofee gaggeeffamuusaa na shakka jedhu. Ummanni Gedichoo Abbaayaa jiraatan, Gedewoo waliin aanaa tokko turanis gara Oromiyaatti dabalamuusaanii kaasu. ADWUIn akkuma aangoo qabateen naannoo hundaa'e 'Naannoo 8' keessatti - hawaasni Koreefi Burjii Gedewoo waliin turan kan jedhan Piroofeessarri kun, isaan kunis Oromiyaatti dabalamuu himu. Uummanni akka Geeddichoo - aadaafi afaaniin Gedewoo wajjin haalaan walitti dhiyaatan, walirraa cituun faffagaataniiru. Yeroo ammaas Gujii Bahaa fi Lixaatti bakka argaman tokko tokkotti, uummanni Gedewoo faffaca'anii argamu jedhu. Gaaffiin naannoo tahuu yoo fudhatama dhabewoo? Obbo Tasfaayee fi Piroofesar Taaddasaan fedhiin uummata Gedewoo naannoo tahuu akka tahe himuun, Naannoo Oromiyaas tahe Sidaamaa wajjiin walitti makamuuf fedhiin uummataa akka hinjirre dubbatu. Piroofesar Taaddasaan, uummanni Gedewoo horte Kuush tahuusaatiin Oromiyaa fi Sidaamaa wajjin haa walfakkaatu malee, aadaa, afaaniifi eenyummaa ofii akka qabu dubbatu. Dabalataanis, lafa bal'aa hintaanerraa gabaa giddugaleessaaf buna kan dhiyeessu Gedewoo qofadha jedhu. Godinichi mootummaa federaalaafis tahe biyyaaf shoora gumaachu qaba jedhu. Gaaffii keenya kaadiroonni fi qaamoleen tokko tokko ukkaamsuuf yaalii godhanis, gaafa Sidaamaan gaaffii naannoo rifarandamiin mirkaneessu, nutis bu'aa bahii tokko malee, naannoo ta'uun nurra ture jedhu. Naannoo Kibbaatti wayita ammaa sabaafi sabalammoonni 50 ol jiranis, erga Sidaamaan naannoo tahee daangaa lafaan uummatoota kaan waliin walqunnamuu akka hin dandeeye dubbatu. Kanaafis naannoo Kibbaa keessa Gedewoon jira jedhanii yaamuun rakkisaadha jedhu. Obbo Tsaggayeenis gaaffii keenya heerri biyyattii ni deeggara jedhu. Heera Mootummaa Keeyyata 47/2 gubbaa- saboonni, sablammiilee fi uummatoonni naannoo tokko jala jiran, yeroo barbaadanitti naannoo ofii hundeessuu akka danda'an lafa kaa'a'' jechuun, ''yoo heera mootummaa ilaalla tahe, qaamni kennuufi dhowwu hin jiru,'' jedhu. Hojiin gaaffii uummataa mootummaafis tahe qaamolee hundaaf dhiyeessuun ittuma fufa jedhu Piroofesar Taaddasaan. ''Gaaffii keenya yeroo ADWUI ministiroota muummee Mallas Zeenaawii fi Hayilamaariyaam Dassaalanyitti akkasumas, ammammoo MM Abiy Ahimadif dhiyeessinuus, ukkaamfamee tureera. Haga deebii argannutti ittumma fufna,'' jedhaniiru.
oduu-41028975
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41028975
Bishaan dhibnaan nageenyi hin jiru: Siyaasa bishaanii jaarraa 21ffaa
Osoo dhiyeessiin bishaanii biyya tokko adda cite maaltu ta'a? Addunyaan hoo maal taati?
Bishaan jireenyaaf nu barbaachisa. Darbees milkooma dinagdee, daldalaa fi kalaqa biyya tokkoofis lafee dugdaati. Kun dhugaa laga Abbayyaa Masirii durii irraa hanga laga Amaazoon bosona roobaa Biraaziil irraa hubatamu dha. Qaamoleen bishaanii hedduun biyyoota gidduutti akka daangaa uumamaatti waan tajaajilaniif, biyyootni kun bishaan kana waliin qooddatu. Fakkeenyaaf lagni Abbayyaa biyyoota hedduu qaxxaamura. Dhalli nama walitti bu'iinsaaf dhiyoo ta'uusaan wal qabatee siyaasa bishaanii irratti lolli hedduun uumamuu dhabuun ajaa'iba. 'Bishaan hin jiru taanaan, addunyaan nagaa hin argattu,' jedhu hayyootni. Jaarraa 21ffaa kana keessa maddeen bishaanii hedduun gogaa jiru, jijjiiramni qilleensaa, baay'inni uummataa fi sabboonummaan lammiilee biyyootaa guddataa jiru hariiroo biyyoota addunyaa qoraa jiru. Fedhiin bishaanii biyyoota addunyaa bara 2000 fi 2050 gidduutti dhibbeentaa 55nin akka dabalu eegama. Kanaaf, addunyaan bishaan gahaa akka argattuu fi nagaas akka qabaattu maaltu hojjetamuu qaba? Nagaan addunyaa siyaasa bishaanii irratti hirkatee jira Qoodni bishaan akeeka siyaasa addunyaa jijjiiruu keessatti qabu jaarromee jira. "Duraan qaamoleen bishaanii gurguddoon akka daangaa uumamaatti biyyoota tajaajilu ture. Amma garuu haalli jijjiiramee, itti fayyadamni bishaanichaa dhimmi ijoo ta'eera" jedhu Zeeniyaa Taataa, qondaalli dhaabbata kalaqawwan bulchiinsa bishaanii irratti hojjetaman wal dorgomsiisee badhaasu 'XPrize'. Bishaan hin jiru taanaan, addunyaan nagaa hin qabaattu Jedhu hayyootni. Qamoleen bishaanii hedduun daangaa biyyootaa yoo ta'an gariin ammo biyyoota hedduu qaxxaamuru. Kun yaad-rimeen mirga waloon fayyadamuu akka dhalatu taasiseera. Laga yoo fudhanne, biyyootni yaa'a gara olii, ka'uumsa lagichaa, yeroo baay'ee aangoo abbummaa qabu. Biyyoota yaa'a gadii irrattis dhiibbaa yoo geessisan mul'ata. Giddugala bahaatti, lagni Joordaan, biyyoota akka Joordaan, Paalestaayin fi Israa'el dabalatee naannolee hedduuf madda bishaanii ta'ee tajaajila. Itiyoophiyaa fi Masiriin jaarraa hedduuf misooma laga Abbayyaa irratti hojjatamuuf waliin atakaraa turan. Bara 2015 wal dhibdee isaanii dhiisanii waloon itti fayyadamuuf walii galanii. Siingapoor fi Maleezhiyaa gidduus dhimmi wal fakkaataatu jira. Maleezhiyaan waggaa 99'f bishaan laga Johoor irraa fayyadamuuf Siingapoor duuka waliigaltee qabdi. Deebii sirriin akkamiin biyyootni nyaataa fi bishaan danuu qaban, biyyoota hin qabneef akka dhiheessani dha. Inistiitiyuutiin Paasifiik, dhaaba odeeffanoo qabeenya bishaanii Kaalifoorniyaa akka jedhutti dhaloota kiristoos dura waggoota 2000 kaasee hanga har'aatti bishaaniin wal qabatee lola hedduutu gaggeeffame. Kanaaf akkamitti hunduu bishaan gahaa argatee, jarraa 21ffaa kana keessa addunyaan nagaa akka qabaattu gochuun danda'ama? Deebiin sirriin, biyyootni waraanaan dhiyeessii bishaanii walii isaanii to'achuu waliin wal hin argu. Deebii sirriin, akkaataa biyyootni nyaataa fi bishaan danuu qaban, biyyoota hin qabneef dhiheessani dha. Dhiyeessii bishaanii qooddachuu "Jaarraa 21ffaa keessa bishaaniin wal qabatee dhimmoota gurguddoo sadiitu jiru." jedhu yuunivarsiitii Oorigoonitti Pirofeessarri Ji'oogiraafii Aaron Woolf. Dhimmi jalqabaa: Bishaan qulqulluu dhabuun dhibee HIV fi busaan qixa namoota hedduu du'aaf saaxilaa jira. Dhimmi lammataa hiikaa siyaasaa hanqinni bishaani qabu dha. Fakkeenyaaf Siiriyaa keessatti ongee hanqina bishaaniitiin mudate, namootni hedduun gara magaalotaatti akka baqatan, jireenyi akka qaala'u fi rakkoon biyyattiin duraan qabdu akka hammaatu taasisee jira. Dhimmi sadaffaan kan hayyootni waa'een isaa baay'ee hin dubbatamne jedhan, dhimmi bishaan daangaa qaxxaamuruun biyya tokkoo gara biyya biraa adeemuuti. Kun bakka mirgi itti fayyadama waloo ka'u dha. Bakka itti fayyadamni waloo jirutti, bishaan walitti bu'iinsa uumuu akka danda'u, walta'iinsa cimsuu fi ariifachiisuus danda'a. Kanaafi dhaabbileen akka Yuunivarsiitii Oorigoon akkamiin walitti bu'iinsa bishaaniin uumamu furuu fi gara wal ta'iinsaatti jijjiiruun akka danda'amu irratti hojjetaa kan jiraniif. Yaada furmaataa, Qonnaan bultootaaf kaffaltii dabalataa Bishaan hundi garboota, haroowwanii fi lageen kessa qofa miti kan jiru jedhu hayyootni. Bishaan biyyee keessa jira. Biyyee qonnaan bultootni midhaan fi muduraalee akkasumas nyaata beeyladoota isaaniif irraa omishan. Bishaan biyyee kana keessa jiru gara omishaalee kanneeniitti darba. Omishaaleen kun ammo biyya tokko irraa gara biyya birootti fe'amu. Bishaan kana afaan ingiliziin 'virtual water' jedhanii waamu. Bishaan omishaalee nyaataaf oolan keessatti argama Bishaan akkanaa kun jaarraa 21ffaa kana keessatti shoora olaanaa qaba jedhu hayyichi Kolleejjii Kiing magaalaa Landan moggaasicha kennan Joohn Antoonii Aalan. Yuuroop keessatti bishaan soorata keessa jiru akkanaa dhibbeentaan 40ni aardittii alaa dhufa. Biyyoota addunyaa 220 ta'an keessaa dhibbeentaan 66 yookin biyyootni 160ni soorata fi bishaan soorata sana oomishuuf barbaachisu biyyoota biroo irraa gara biyya isaanii galchu. Bishaan bifa Kanaan biyyootni walitti daldalan addunyaan tasgabbii akka qabaattu taasiseera. Kanaafis addunyaan dhiimma bishaniin wal qabatee nagaa akka argattuuf, qonnaan bultoota omishaalee kanneen omishanii gabaaf dhiyeessaniif gatii humna isaanii sirriitti kafaluun barbaachisaa dha jedhu Aalan. Jaarraa 21ffaa kana keessa dhimmi murteessaan yaa'a bishaaniitti dhiyoo ta'uu fi dhiisuu yookin qabeenya bishaanii qabaachuu fi dhabuu osoo hin taane, kan qaban warra hin qabne waliin qooddachuu danda'uudha.
oduu-48306002
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48306002
Doktorri fayyaa Faransaay dhukkubsattoota 17 summeessuun himatame
Doktorri Faransaay dhukkubsattoota 17 summeessan irratti qorannoon yakkaa eegale.
Doktorri kuni kana dura dhukkubsattoota 7 summeessuun himatamniiru, isaan garuu ni balaaleffatu Firederik Pechiyeer kan ogummaan isaanii anastesiyolojistii ta'an kun kanaan dura dhukkubsattoota 7 biroo summeessan irrattis qoratamaniiru. Walumaa gala sababa kanaan sagal du'aniiru. Abbaa alangeen ogeessi kuni hojii hojjeetota akka isaanii kaan gidduu seenuun cimina ofi agarsiisuuf jecha waan hin taane raawwataniiru jedha. Doktorri fayyaa kuni garuu kana hunda ni balaaleffatu, yoo irratti mirkanaa'e garuu hidhaa umurii guututu irratti murtaa'a. Abukaaton isaanii Jiyaan -Yives Le Bornye AFP'tti akka dubbatanitti qorannoon waan mirkaneesse hin qabu. Ogeessi kuni Baha Faransaay magaalaa Besaankoonitti Caamsaa bara 2017 dhkkubsattoota 7 summeessuun qoratamaa turan. Haa ta'u malee booda gadhiifaman, hojii isaanii garuu akka hin hojjenne dhorkaman. Torban kana immoo poolisiin wal'aansa baqaqsanii hodhuun walqabate ofitti waame isaan gaafateera. Wal'aansa kana daa'ima umurii 4 hanga nama umurii 80 ta'an argate. Abbaan alangee Etiyeen Maantewuks miidiyaa biyya keessaaf akka dubbatanitti dorktorri fayyaa kuni hojjettoota waliin waldhabaa turan. Doktarri fayyaa kunis ta'e abukaatoon isaa garuu himannaa kana hin fudhatan. ''Bu'aan qprannoo kanaa maalis haa ta'u, ammaan achi waanan hojjedhu miti,'' jechuun doktarri kuni ibsa gaafa Kamisaa ripportarootaaf kennaniiru. ''Doktora yeroo tokko summii namaa kenne jedhame hin amantu. Maatiinkoo gaddaniiru, ijolleekoofin sodaadha.''
oduu-45861279
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45861279
Dhimma Tasfaayee Urgee: Manni murtii akeekkachiisa waliin guyyoota dabalataa torba qorannoof eeyyame
Yaalii ajjeechaa Ministira Mummee Dr Abiyi irratti guyyaa hiriira deeggarsa agga'amee turee keessa harka qabu jedhamuun to'annaa jala olfaman keessaa Obbo Tasfaayee Urgee irratti manni murtii ammas guyyoota torba dabalataan qorannoof kenne.
Dhimma qorannoo hojjetaa duraanii Tika Biyyaalessaafi Tajaajila Nageenyaa kan ta'an Obbo Tasfaayee Urgee irratti poolisiin qoratu guyyoota dabalataa 10 gaafate ture. Haa ta'u malee, manni murtii guyyoota torba kennuufii midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru. Dhaddachi yakkaa sadarkaa 1ffaa mana murtii federaalaa har'a, polisii dhimmicha qoratuuf akeekkachiisa waliin guyyoota qorannoo dabalataa torba erga kenneefiin booda, bu'aa qoranichaa ALI Onkolooleessa 12, 2011 qabatee akka dhiyaatu ajajusaa FBCn gabaase. Namoota haleellaa boombii Waxabajjii 16'n shakkamuun to'annaa jala olfaman keessaa obbo Tasfaayeen fa'i dhimmicha qindeessaniiru jedhamuun shakkamanii himatan.
oduu-56276704
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56276704
Lola Tigraay: UN loltoota lammiilee Tigraay ajjeesan irratti qorannoo hatattamaan eegaluu qaba - HRW
Jaarmiyaan mirga dhala namaaf falmu, Hiyuuman Raayits Waach (HRW) haleellaa naannoo Tigraay qorachuun gabaasa baaseen, loltoonni Eertiraa ji'a Sadaasaa darbe keessa, Tigraay magaalaa Aksuum keessatti ijoollee hanga umrii wagga 13 dabalatee lammiilee nagaa heddumminaan ajjeesaniiru jedhe.
Yakka waraanaa fi haleellaa suukanneessaa dhala namaarratti raawwate ilaalchisuun UN qorannoo hatattamaa eegalee, qaamni itti gaafatamu adda ba'uu qaba jedhe jaarmiyaan kun. Sadaasa 19 loltoonni Itoophiyaa fi Eertiraa magaalaa Aksuum keessatti osoo adda hin baasin uummata kan ajjeesanii fi madeessan ta'uu eere jaarmiyaan mirga namoomaa kun. Akka gabaasa kanaatti humnoonni kunneen magaalicha erga to'atanii booda torban tokko keessatti lammiilee nagaa rasaasaan reebaa, saamaa fi qabeenya barbadeessaa turan. Qabeenya barbadaa'an keessaa iddoowwan eegumsa fayyaa isaan ijoodha. Hanga ammaatti mootummaa Itoophiyaas ta'e kan Ertiraa gabaasa Humaan Raayitis Waach (HRW) ilaalchisee ifatti deebiin kennan hin jiru. Gama Ertiraatiin garuu ministirri beeksisaa biyyattii Obbo Yamaanee Gabramasqal fuula tiwiitara isaaniirratti gabaasa HRW kana bifa addaan dogogora kan qabudha jechuun, gabaasa Aministii Internaashinaal irra deebiye jechuun gatii dhabsiisaniiru. Dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman lachuuyyu tokko akka ta'an eeruun, waggoota kurnan darbanirraa kaasanii Ertiraa keessatti "jijjiirama sirnaa" gaggeessuuf yaalaa turan jechuun himatan. Gabaasichi akka jedhutti erga hidhattoonni Tigraay fi jiraattonni Aksuum Sadaasa 28 loltoota Eertiraa haleelanii booda, warri Eertiraa haaloo ba'uuf jecha haala suukanneessaan namoota hedduu rasaasaan fixan. Loltoonni Eertiraa lammiilee Aksuumitti dhukaasanii heddumminaan kan ajjeesan sa'atii 24 keessatti yoo ta'u, irra caalaan namoota ajjeefamanii dargaggoota. ''Loltoonni Eertiraa gara jabinaa fi haala suukanneessaadhaan lammiilee nagaa Aksuum jiraatan ajjeesan,'' jedhan Daarektarri Jaarmiyaa Hiyuuman Raayits Waach kan Gaanfa Afriikaa Lateshiyaa Badeer. ''Aanga'oonni Itoophiyaa fi Eertiraa kana booda taatee kana haaluudhaan of dhoksuu hin danda'an, haqaaf karaa saaquu qabu. Kanneen lubbuun baraaraman xiinsammuunsaanii miidhameera. Qondaaltonni kunneen diddaatti cichuun miidhaa xiinsammuu lammiilee hammeessuu hin qaban,'' jedhan. Haleellaan Aksuum waraana loltoonni federaalaa Itoophiyaa, hidhattoonni naannoo Amaaraa fi waraanni Eertiraa qindoomuun hidhattoota TPLF waliin michooma qaban irratti banan boodadha kan raawwate. HRW Muddee bara 2020 hanga Guraandhala bara 2021tti namoota haleellaa kana ijaan arganii fi haleellichaan miidhaman, akkasumas firoota namoota miidhamanii 28 bilbilaan dubbisee viidiyoo haleellaa sana mul'isuu fi haala haleellaa booda ture irratti gabaasa qaaccesseera. Haala ture kanneen ijaan argan irraa - Gabaasa HRW Kanneen haleellaa sana jalaa lubbuun baraaraman mallattoolee hedduu eeruun loltoonni Eertiraa Tigraay weeraruu dhugaa bahu. Gabateen konkolaataa waraanaa magaalaa keessa deddeebisuu kan biyya Eertiraa akka ta'e; yuunifoormii waraana Eertiraa akka uffatanii fi loqodni isaanii kan Eertiraa ta'uu akkasumas kophee pilaastikaa 'koongoo' kan loltoonni Eertiraa bara qabsoo bilisummaa irraa kaasanii ittiin beekaman heddumminaan akka argan ibsu. Sadaasa 19 akkuma hidhattoonni Tigraay Aksuum gadi dhiisanii ba'aniin loltoonni Itoophiyaa fi Eertiraa itti seenanii uummata nagaa ajjeesuu fi qabeenya barbadeessuu itti fufan, hospitaalli Senti Merii magaalattii keessattti argamu yeros barbadaa'e jedha HRW ragaa warra ijaan arganii wabeeffachuun gabaasa baaseen. Jiraattonni ijaan argan akka jedhanitti loltoonni kunneen magaalaa Aksuun to'atanii yeroo turtii torbee tokkoo keessatti magaalatti saamaa turan. Loltoonni Itoophiyaas akka keessatti hirmaataa turanii fi kaan ammoo wayita warri Eertiraa saaman dhaabatanii ilaalaa akka turan himu. ''Baay'ee suukanneessaadha'' jedhe jiraataan tokko.''Loltoonni Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaafi biyya Itoophiyaaf dhaabbatu jedheen yaadee ture. Garuu wayita loltoonni Eertiraa saamichaa fi ajjeechaa raawwatan callisanii ilaalan'' jedhe namni kun. Miidhaan loltoonni qaqqabsiisan kun magaalaa keessatti aarii guddaa waan kaaseef, Sadaasa 28 hidhattoonni Tigraay fi jiraattonni magaalaa walta'uun loltoota Eertiraa haleelan. Guyyaa sana guutuu fi halkan guutuu sa'atii 24'f loltoonni Eertiraa ammoo ajjeechaa jumlaa lammiilee nagaarratti raawwatan jedha gabaasi HRW. Loltoonni Eertiraa namoota kaan manarra deemanii adamsuun kaan ammoo daandiirratti ajjeesaa turan jedhu kanneen ijaan argan. ''Gareen hidhattootaa nama tokko ajjeesanii, dubartii ulfaa fi ijoollee lama ammoo daandii aspaaltii irratti reeffa booda jilbeenfachiisan,'' jedhe jiraataan taatee sana ijaan arge tokko. Loltoonni Eertiraa kunneen namoota reenfa fuudhanii awwaaluuf jedhan Sadaasa 28 fi 29 dhukaasa banuun nama hedduu miidhuus dubbatan jiraattonni. Namni firri isaa tokko ijoolleen jalaa ajjeefamnaan gaafachuu dhaqe tokko haala ture akkanaan ibse. ''Ijoolleeshee ajjeesanii balbala mooraa itti cufan. Namuu keessa seenee birmachuufii hin danda'u. Reenfa ijoolleeshee lamaa waliin hafte. Guyaa tokkoo fi walakkaaf reenfa ijoolleeshee waliin jiraatte. Wayitan dhaqee argu yaadaan dararamtee jirti, namummaatti deebisuu hin dandeessu'' jedhe. Sa'atii 24 keessatti reeffa namoota 200-Gabaasa HRW Hiyuuman Raayits Waach lakkoofsa namoota heleellaa qindaa'aa loltoota Itoophiyaa fi Eertiraan magaalaa Aksuum keessatti raawwateen baay'ina namoota ajjeefamanii isa sirrii argachuuf rakkateera jedha gabaasi kun. Haata'u malee ragaa jaarsolii biyyaa waraqaa eenyummaa namoota ajjeefamanii walitti guuran irraa argateen Sadaasa 28 fi 29 qofa namoonni 200 ajjeefamuu mirkaneeffateera. Dabalataan maqaa namoota 166 kan adda baafate ta'uu kan ibse jaarmiyaan kun, kanneen keessaa 21 kan namoonni ajjeechaa sana ijaan argan himaniin kan walfakkaatu ta'uus eereera. 'Seerri yeroo waraanaa cabeera' Seerri eegumsa dhala namaa yeroo waraanaa, kan lola naannoo Tigraay irrattis hojjetu, haleellaa osoo hin fooyin lammiilee hundarratti raawwatamu cimsee dhorka. Akkaataa seera kanaatti namni booji'amellee mirga qaba, qabeenyi saamamuu fi barbadaa'uun cimsee dhorkama. Wayita kana qaamni seera qajeeltoo waraanaa ta'e kana sarbee argame yakka waraanaatiin himatamuu danda'a. Hiyuuman Raayits Waach bu'aa qorannoosaa Guraandhala 18 mootummoota Itoophiyaa fi Eertiraaf dhiyeessus deebii akka hin arganne ibse. Guraandhala 26 mootummaan Itoophiyaa haleellaa Aksuum ilaalchisuun qorannoo akka eegalu ibsee, ogeeyyii mirga dhala namaa idil-addunyaa waliinis akka qindoominaan hojjetu waadaa seeneera. Nannoo Tigraay keessatti haleellaa qaqqabsiisuu keessatti qooda kan fudhatan gareewwan hedduutu jiru kan jedhu jaarmiyaan kun, qaamoleen kunneen hunduu qoratamanii itti gaafatamummaan akka jiraatuuf UN qorannoo hatattamaa eegaluu qaba jedheera. UN qama bilisaa ramaduun haleellaa suukanneessaa dhala namaarratti raawwatamee fi yakka waraanaa lammiilee nagaarratti raawwatame qorachiisuu qaba jechuun akeekkachiise dhaabbati kun. Haqni namoota harka loltoota Itoophiyaa fi Eertiraatti baddalamanii, gocha kana balaaleffachuu qofaan hin argamu jedhan Lateshiyaa Baader. ''Xiyyeeffannaa fi gochi miseensota UN, namoota yakka suukanneessaa kana raawwatan gaafatamtoota gochuuf murteessaadha. Haga ammaatti gabaasa ajjeechaa suukanneessaa kanaa callisaan ilaalleerra. Kun qaanii guddaadha'' jedhan.
oduu-45496694
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45496694
Barri bara bilisummaati: Aartistoota Oromoo
Baqaan biyyaa bahanii waggoota hedduu biyya bakkee erga jiraatanii booda Aartistoonni Oromoo gameeyyiin kanneen akka Ilfinesh Qannoo, Hirphaa Gaanfuree Burqaa, Tottoobaa Taaddesee Margoo, Haayiluu Kitaabaa, Elemoo Alii, Umer Suleyman fi Kadir Sa'id gara biyyaa deebi'uuf karoora akka qaban beeksisaniiru.
Aartistoota Oromoo biyya galaa jiran Jila Hooggantoota Olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo waliin Fulbaana 15, bara 2018 biyya galuun akka bohaarsan beeksisan. Aartistoonni kunneen sababa quuqqaa sabasaanii baasanii dubbataniifi mirga sabasaaniif falmaniif mootummaadhaan sodaachifamuun dhiibamanii akka biyyaa bahan dubbataniiru. Bara 1998 baqattee karaa Moyyaalee keeniyaatti baqachuu achumarraan ammoo biyya Noorwayii galuushee kan dubbattu Aartisti Ilfinash Qannoo''Eelaa mootummaan Itoophiyaa narraan ga'e baachuu gaafan dadhabun lubbuu koo baafadhe.''jetti. Miidhaan uleen wayyaanee irraan ga'e fayyaa dhabsiisuu kan dubbattu Ilfinash Qannoo, ''Rakkoo narra ga'e sabakootti himachuufin gala. Uummata koo guyyaa tokko argadhee dhungadhee yoon du'ellee homaa natti hin fakkaatu.'' jetti. Geerarsaa fi sirboota qabsootiin sabashee bohaarsuuf ammallee fedhii hamilee akka qabdus dubbatteetti. ''Dhaabbadhee sirbuu yoon dadhabellee teesumarra taa'een saba koof geerara, nan dhaadadha. Ijoollee kootu kanaan na dhaga'e. Galanni kan qeerrooti'' jechuun sadarkaa qabsoon Oromoo amma irra ga'ee jirullee jajjabeessaa ta'uu dubbatti. Jalqaba bara 1999 hidhaa fi ajjeechaa baqatee biyyaa bahuusaa kan dubbatu Aartisti Hirphaa Gaanfuree Burqaa, wallee mata duree ''Bosona Baaleetiin'' mogga'erratti wayita mootummaan Itoophiyaa nageenyummaa koof na sodaachisettin baqadhee biyyaa bahe .'' jedha. Ergasiis sirboota qabsoo Oromoo deggeran, kanneen qeerroo Oromoof hamilee guddaa ta'an hojjechaa ture, wallee'' Jiraachuu dhiisnus wal bira, yaadnikoo isin bira jedhufaa'' akka fakkeenyaatti kaasuun nutti himeera Hirphaan. Qaanqeen qabsoo yeroo isaan biyya jiran qabattee turte ittumaa babal'atee har'a oromoo bakka hundaa tokko ta'ee Oromiyaarratti walarguuf deemna. Kana hundaaf galanni kan qeerrooti.'' jechuun haala gara biyyatti isaan deebise ibsa Hirphaan. ''Gareen Aartistootaa kun sirboota ummanni keenya ittiin nu beekuu fi jaallatu kan tokkumaa saba keenyaa cimsan dhiyeessuuf deema, ummata keenya waggoota hedduuf irraa adda baanee turres ni daawwanna.'' jedheera Hirphaan. Bara haaraa fi Bilisummaa Aartisti Ilfinash Qannoo Ummanni Oromoo bu'aa bayii hedduu keessa darbe as ga'eera, barri haaraan kun ammoo bara bilisummaati jetti Ilfinash. ''Keessumaa barri darbe bara walmakaa ture, qabsoo hamaa fi injifannoo raajidha.'' kan jettu Aartist Ilfinash Qannoo ''Barri baranaa bara ummata Oromoof ifa fidee dhufuudha.'' jetti. ''Jijjiirraa baraa fi bari'uu birraa qofa osoo hin taane ummata Oromoof ifi wayii mul'ateeraaf.'' jetti. ''Birraa birraa ililliitu daraara, birraa baranaammoo bilisummaatu daraaree ija godhachuuf deema.'' jette. ''Birraan baranaa kan yeroo kamiyyuu caalaa sabni Oromoo gammachuu keessatti argatuudha. Gaddaa fi dukkana bara dheeraa gammachuu fi ifatti kan jijjiirratuudha. Kanaaf ammoo tokkummaan cimuu qaba.'' jechuun gorsa dabarsiteetti Ilfinesh. Hirphaa Gaanfuree Burqaa Aartisti Hirphaa Gaanfuree Burqaa ''Ce'umsi kun kan bara 2010 irraa bara 2011tti taasifamu qofa osoo hin taane, Ummanni Oromoo hacuuccaa waggoota 27 darban keessa ture kan itti ofirraa fonqolchu ta'ee natti mul'ata.'' jedha. ''Barri haaraan kan tokkummaan Oromoo keessatti cimu, kan Oromoon kutaa Addunyaa mara irraa walitti dacha'uudhaan dhimma biyyasaarratti yeroo kamiyyuu caalaa hojjetuudha.'' jedha Hirphaan. ''Waggoota hedduuf jireenya baqaa keessa teenyee kan dharra'aa turre arguuf jirra. Dachee keenya Oromiyaa irratti dhalannee irratti guddanne hawwaa jiraachuu ture hireen keenya. Amma garuu birraan ifaan nuuf bari'eera. Qeerroo waliin taanee Irreecha halaala teenyee hawwaa turrellee kabajuuf jirra. An gammachuudhaan waanan kufun se'a, birraa baranaa.'' jechuun gammachuusaa ibseera Aartisti Hirphaa Gaanfuree. Weellisaa Daawwitee Mekonnen gamasaatiin garee Aartistoota amma biyya galan waliin gara biyyaa imaluu baatus fuulduratti gara biyyaa deebi'uuf karoora akka qabu BBCtti himeera. Aartistoonni kunneen Baandiiwwan hundeeffamasaaniirraa eegalanii keessaa hojjechaa turan akka yaadatan, akka bakkatti deebisanis dubbataniiru. Akka fakeenyaatti Baandii Gadaa fi Baandii Bilisummaa kaasan. Sanbata dhufu walargaan Finfinneetti jedhu Aartistoonni kunneen.
oduu-51922927
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51922927
Koroonaavaayiras: 'Manneen hidhaa Itoophiyaa keessatti qorannoo COVID19 taasisuuf qophiin taasifameera'
Sirreeffamtoota manneen hidhaa keessatti mallattoon koronaavaayirasi irratti mullatuufi kanneen qabaman adda baasanii wallaanuuf qophiin taasifamu Bulchiinsi Manneen Sirreessaa Federaalaa BBC'tti hime.
Qophii ittisa koronaa manneen sirreessaa keessatti taasifmaa jiru ilaalchise Itti gaafatamaan saba himaan Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Federaalaa Obbo Garamawu Ayaaleewu BBC'tti himan. Obbo Garamawu akka jedhaniitti, eddoon sirreeffamtoota adda baasuun itti akka wallaanamiif qophaa'ee bakka Abbaa Saamu'el jedhamuun beekamuufi mana sirreessaa Finfinneetti argamudha. Manni sirreessaas Ministera Fayyaa waliin ta'uun hojiilee dursaa raawwachu isaa kan dubbatan itti gaafatamaan kun, qaamni haala manneen sirreessaa keessa jiru hordofuus Ministeera Fayyaatiin ramadamu ibsaniiru. Akka isaan jedhaniitti gareen qondaaltoota motummaa olaanoon hogganamu tokko hundeeffamuun haala manneen sirreessaa keessa jiru akka hordofu ta'eera. Kana malees gama dhiyeessitiin, meeshaale qulqullinaa akka dabaluuf hojjatamaa jiras jedhaniiru.
oduu-54349965
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54349965
Haqa: Seerri adaba yakkaa waggaa 60 booda jijjiiramuuf jedhu maal of keessaa qaba?
Seerri adabbii yakkaa Itoophiyaa waggoota 60'tti siqaniif hojiirra ture akka fooyya'uuf wixineen labsii mana maree bakka bu'oota ummataaf akka ergu manni maree ministeerotaa walgahii isaa Fulbaana 16, 2013 gaggeeffateen murteesuun saa ni yadatama.
Hojiin seera kana fooyyessuu walakkeessa 1990'oota jalqabee irratti hojjatamaa turuusaa oggeessi wixinee seera kana fooyyeessuu keessatti waggoota 10f hirmaatan Obbo Muluuworq Miidhaksaa BBC'tti himaniiru. Seericha fooyyeessuun maaliif brbaachise? Sababiiwwan seerri ALI bara 1954 irraa kaasee hojiirra oolaa ture kan jijjiiruun itti barbaachise keessaa muraasa isaa Obbo Muluuworq, BBCtti himaniiru. Bara 1987tti erga heerri mootummaa federaalaa ragga’een booda piroojektiin “seerawwan turan heera biyyattiin wal simsiisuu'' jedhu tokko eealamusaa oggeessi kun ni dubbatu. Piroojektii kanaan seera yakkaa fi seera maatii dabalatee, seeronni hedduun fooyya’aniiru. Seera adabaa kana keessattis seeroonni gosa lamaa jiraachu kan himan Obbo Muluworqi, isaanis seera bu'uuraafi danbiiwwan sirn seera ta'u himu. Maalummaa seerota kana ilaalchisees, ''seerri bu'uraa kan mirgaafi itti gaafatamummaa labsi yoo ta'u, danbiiwwan sirna seeraa ammoo kan ittiin seeroonni labsaman kunneen hojiirra ittiin oolfamaniidha'' jedhu. Kanaafuu kan amma akka fooyyeeffamu taasifameef sirn seera yakkaa ta'u dabaluun himaniiru. Biyyattiin seera adaba yakkaa kana kan fooyyeessite ALI bara 1996tti yoo ta'u, amma kan fooyya'u sirna seera yakkaafi danbiiwwa ragaa kan seera yakkaa raawwachiisaniidha jedhu oggeessi kun. ''Seerrii haadha ta'ee waan fooyyeeffameef sirni seerichaa fooyyeeffamu qabaata. Sirriiyyu ni ture. Hanga ammaatti ittiin hojjatamaa kan jiru seera adaba yakkaa bara 1954 baheen.'' Labsiin waggoota dhihoo asiitti bahan seerota sirnaa mataasaanii qabatanii akka dhufan kan himan Obbo Muluuworq, kanaafis labsiiwwan seerawwan farra malaanmaltummaa fi seera farra shororkeessummaa akka fakkeenyaati kaasu. Kanaafuu ''yoo labsiiwwan yakkaa haaraan dhufaniitti seerri sirna mummee fooyyeefammu qabaata. Kana ta'u waan dhabeef seerri sirna yakkaa akka bittiinaa'u taasiseera,'' jechuun gochi amma yaadamee kana ambisuuf akka ta'e dubbata. Dhimmoota seerota sirnaa jijjiiruuf itti barbaachisan keessaayis tokko, seerota sirnaa bittinnaa’an kanneen walitti sassaabuu fi seera sirnaa hunda hammataa ta’e bakka tokkootti akka jiraatu gochuudhaaf akka ta’e eeru. “Wixineen seeraa kun hojiirra yoo oolfamuu hojiiwwan irraa caalaan poolisii fi abbaa alangaatiif kennuun, dhiibbaa mana murtiirra jiru ni hir’isa. Akkasumas yeroon shakkamtoonnii fi himatamtoonni osoo haqa hin argatin turan ni hir’isa. Sadarkaa sadaffaarratti ammoo poolisiin shakkamtoota hidhee qorannoo taasisuurra irra qorannoo xumure to’annaa jala akka oolchuuf gargaara,” jedhu Obbo Muluuworq. Seerri fooyya'u waan haaraa maal qabatee dhufa? Falmii balleessaa (plea bargaining) Seera adba yakkaafi wixinee labsii seera ragaa kana irrattis hojiimtaatiiwwan kana dura seera biyyattii keessa hinture dabalamu himu. Isaan keessaa tokko falmii balleessaa (peal bargaining) dha jedhan. Falmiin balleessaa sirnoota haqaa ciman keessatti bal’innaan hojiirra oolfama kan jedhan Obbo Muluuworq. Abbaan alangaa namni tokko irrratti himannaa namni sun yakka raawwachuusaaf ragaa gahaa yoo qabaate, shakkamaadhaan ‘yakka raawwachuu amani murtee hanga kanaatu sirratti murtaa'a’' jedheen waliigala. Fakkeenyaaf nama himannaan hedduun irratti banamu waliin abbaan alangaa walii gala. Haala kanaanis yakka amma kanaa raawwattee jirta, dhimma kana kana irratti ragaa qaban jedhaan. Haa ta'u malee adeemsi “kunis kan mana murtii keessa darbudha. Abbaan alangaa marii erga taasise booda mana murtiitti geessuun kan raggaasisu. Sababni isaas namni tokko yakkamaadha jedhamee murteen irratti kan murtaa'u mana murtii qofatti waan ta’eefi, marii abbaa alangaa waliin taasifamus, mariin kun sirnasaa eegee taasifamuusaa manni murtii mirkaneessuu qaba,” jedhu. Wixinee kanaanis falmiin balleessaa kun yeroo taasifamutti himatamaan ogeessa seeraa qabataa ta'u akka qabu kaa'eera. Kunis kan taasifamuf, dhiibbaa mana murtiirra jiru salphisuufi yeroo falmii hirrisuuf akka ta'e oggeessii kun ni dubbatu. Himatamaanis dhimmisaa erga mana murtii gahe booda adabbiin silaa irratti murtaa'u qabuun gadii akka itti murtaa’us himaniiru. Sirnoonni haqaa aadaas iddoo ni argatu Dhimmoota seera adaba yakkaa kana keessaa hammataman keessaa kan biraa ammoo sirnoota haqa aadaa sirna haqa yakkaatti makuudha jedhu. “Qajeelfamoota abbaan alangaa waliigalaa baasuu tokko tokkoos kan dhimmoota sirnoota hara aadaatiin ilaalamu danda'a seerri sirna adaba yakkaa haaraa ni kaa’a,” jedhu ogeessi seeraa kun. Fakkeenyaaf hawaasa tokko keessatti namni tokko yoo nama ajjeesee mana murtii deemee erga itti murtaa’ee booda hidhaasaa xumuree erga baheen booda, araarri yoo hin taasifamnen alatti miidhamaan haqa hin arganne jedhee yaada. Kanaan haqni kennamuusaa mirkanneessuun waan hin danda’amneef labsiiwwan mirgoota namummaa haala hin cabsinetti siroonni haqa aadaa furmaata kennuu akka danda’aniif hojimaatni haaraa ni beeksifama. Maaltu jijjiirame? Dhimmoota jijjirama keessaa tokkoo mirgi wabii, yeroo beellamaa fi akkaataa adabbiin ittiin raawwatamu irratti jijjiiramni akka jiraatu dubbatu Obbo Muluuworq. Mirga wabii Yeroo baayyee abbokaatoowwan 'maammilli yakki ittiin hidhame kan mirga wabii isa dhorkisiisu miti' yoo jedhu abbaan alangaa ammoo 'lakkii mirgi wabii kennamuuf hinqabaatu' yoo jechuun falama dhagahuun waan barameedha. Ogeessi seeraa Obbo Muluuworq dhimmi mirga wabii dhimmoota falmsiisaa ta’an hedduu of keessatti kan qabateedha jedhu. Wixineen seeraa haaraa kunis dhimmoota falmisiisoo ta’an kanneen ifa gochuuf akka gargaaru himu. Biyya keenyattis yeroo baay’ee mirgi wabii kaffaltii maallaqaatiin kan barame ta'u yaadachuun, wixinee kanarratti garuu shakkamaan guyyaan ykn torbaniin waajjira motummaatti dhiyaate gabaasa taasisaa isaan ala hojii akka hojjatu haalli itti taasifamu akka uumamu akka godhamu dubbatu. Beellama yeroo qorannoo Poolisii qorataan shakkamaa to'ate irratti qorannoo gaggeessuuf irra deddeebbiin mana murtii yeroo beelamaa akka dheerreeffamuu yoo gaafatu ni mul’ata. Seerri sirnaa asiin dura tures yakkoota biroorratti yeroo qorannoo guyyoota 14, yakka shorarkeessummaaf ammoo yeroo qorannoo guyyoota 28 hayyamuu akka danda’u ibsa. Ta’us garuu seerri duraa kun daangaa hin qabu. “Yeroo hamma kamiif kan qorannoon guyyoota 14 kan kennamu kan jedhurratti daangaan hin jiru,” jedhu. Seerri haaraan garuu yakkoota xixiqqaa, jiddugaleessaa fi ol’aanoo jechuun sadarkaa baasuun guyyoota qorannoo fi daangeffama baasuusaa dubbatu. “Inni kun gama mirga himatamtootaanii yoo ilaalamu gaariidha. Fakkeenyaaf yakka jiddugaleessaaf poolisiin si’a lama caalaa yeroo qorannoo gaafachuu hin danda’u.” Hamma danda’ameen shakkamaan tokko qabamuusaa dura poolisiin ragaa gahaa akka sassaabu seera godhudha.“Hojimaata shakkamaa to’atanii ragaa barbaaduu jijjiiramuu qaba kan jedhu uuma.” Akkaataa adabbiin raawwatamu… Seera sirnaa asiin dura ture akkaataan adabbiin itti raawwatamurratti wantoonni ifaan taa’an baliinaan hin qabu. Fakkeenyaaf yeroo baay’ee hojiirra oolfamuu baatus adabbiin du’aa manneen murtiitiin akka dabarfaman himu ogeessi seeraa kun. “Adabbiin du’aa kun haala kamiin raawwatamuu qaba? Namni adabbiin du’aa irratti murtaa’e murtee kana gara hidhaa umurii guututti hin jijjiiraminiif yookiin murteen du’aan osoo hojiirra hin oolfamin yeroo hamma kami turuu qaba? Jedhurratti seerri haaraa akkaataa murteewwan kunneen hojiirra oolfaman qabatee jira. Abbaddii dhu'aattin alattis adabbii maallaqaa fi hidhaarrattis akkaataa ittiin raawwatamaniif danbiiwwan hojiimaataa gadi fageenya qabu hammachusaa Obbo Muluuworq BBC’tti himaniiru.
oduu-51527988
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51527988
Hidha Haaromsaa: Haasaa dhimma Hidha Haaromsaa irratti mariin kallattii kaa'u taa'ame
Haala bishaan hidha haaromsaa guddichaItoophiyaa itti guutamuufi itti gadhiifamu irratti mariin biyyoota sadan waliin Waashingtaniitti guyyoota muraasaaf gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame. Haasaa dhimma Hidha haaromsaaf mariin kallattii kaa'u waajjira Ministeera Muummeetti taa'ameera.
Waajirri minitira mummee fuula feesbuuki isaarratti akka barreessetti, marii kanarrattis ministiroonni, miseensoonni koree mariichaa, hayyoonni, namoonni beekamoofi kanneen qaamolee hawaasa biraa irraa babbahan hirmaataniiru. Tibbana ogeessota teekinikaafi seeraa Itoophiyaa, Suudaan fi Masriitiin mariin wixinee sanadaa qopheessuuf Waashingitaniitti gaggeeffamee ture waliigaltee tokko malee xumuramuu Ameerikaatti Ambaasaaddari Itoophiyaa Fitsum Araggaa midiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessuun isaanii ni yaadatama. Marii Ameerikaafi Baankiin Addunyaa taajjabummaadhaan irratti hirmaatu jedhame kunis sababa bu'aa tokko malee akka xumuramu taasise ilaalchisee garuu Ambbaasaaddarichi kan jedhan hinturre. Maddeen marii kanatti dhiheenya qaban BBC'tti akka himaniitti, mariin taasifamaa jiru haala bishaan hidhiichaa itti guutamuufi itti gadhiifamurratti akka xiyyeeffatuuf Itoophiyaan walii taasisaa jirtulleen, gama Masriitiin garuu qoodiinsa bishaanii irratti akka xiyyeefatamu dhiibbaa taasisaa jirti jedhan. Mariin biyyoota sadan jidduutti gaggeeffamaa turees kallattii isaa dhiisuun xiyyeeffannaa haala qoodiinsa bishaanii irratti taasifachuu maddi kun BBC'tti himeera. Suudaanis ejjannoo ishee geedaruun Masrii waliin dhaabbachusheefi akkasumas Baankiin Addunyaafi Ameerikaanis Masrii waliin dhaabbachu himuun, dhimmichi akkamiin Itoophiyaa qofaa dhaabbatteerratti dhiibbaan taasifamaa akka jirtu dubbateera. Sanadiin haala itti gutama bishaan hidha kanaafi wayita hongeen hammaatu hamma bishaanii gadi dhiifamuu qabu irratti qophaa'e Itoophiyaan akka mallatteessituuf Ameerikaafi Baankiin Addunyaa dhiibbaa taasisaa jiraachu himameera. Haaluma kanaan walqabatees Ministirri Haajaa Alaa Amerikaa Maayik Poompiiyoo har'a Finfinnee ni galu jedhamee eegamaa kan jiru yoo ta'u, turtii isaanii keessattis MM Abiy waliin wixinee sanada qophaa'ee irratti akka mari'atan ragaalee bahaa jiru.
oduu-54569804
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54569804
Qaama miidhamuun kaan gargaarurraa kan ishee hin hambisne Meeroon
Meeroon Tasfaay rakkoon narvii ijoollummaatti ishee mudate, qaamashee akka barbaaddutti akka hin ajajne ishee daangeessa.
Haala kana keessa otoo jirtuu barnootashee haga digirii lammaffaan geesseetti. Kaan gargaaruu kaayyooshee kan godhatte Meeroon, qaroo-dhabeeyyiif hoteela galanii nyaata filachuuf akka hin rakkanne jechuun, bireeliidhaan meenuu nyaataa qopheessite. Imalashee akkasiin nuuf qooddee jirti.
oduu-57157978
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57157978
USAID: Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa Itoophiyaatti yaaddoon beelaa jiraachuu hime
Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa USAID Itoophiyaa keessa yaaddoon beelaa jiraachuu beeksise.
Doomiiniik Raab fi Saamaantaa Paawoor Hooggantuun Dhaabbata Eejansii Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteet (USAID) fi MM UK marii waloo taasisan irratti Itoophiyaa keessa yaaddoon beelaa jira jechuusaanii dhaabbatichi ibseera. Hooggantuun USAID Saamaantaa Paawoor MM UK, Ministira Dhimmoota Misoomaafi Koman Wolzii Dominiik Raab waliin karaa onlaayinitiin marii taasiisaniin, waa'ee yaaddoo beelaa Itoophiyaafi Yamanitti dabalaa jiru mari'achuusaanii USAID beeksiseera. Kana malees aanga'oonni kunneen waa'ee walitti dhufeenya Ameerikaafi Yunaayitid Kingdami cimsuu, dhimma Koronaavaayirasii, barnoota dubartootaafi bajata deeggarsa namoomaafi dhimma jijjiirama qilleensaa irratti mari'achuu gabaafameera. Dabalataan, ''waa'ee yaaddoo beelaa Itoophiyaafi Yeemaniitti dabalaa jiruu mari'ataniiru'' jechuun alatti balaan beelaa kun kutaa biyyaa kam keessa akka jiru kan ibse hin qabu. Gama biraatiin, ammoo Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom lolli naannoo Tigiraayittii gaggeeffame haala jiru ''baayyee sukkaneessaadha'' jedhaniiru. Daareektarri olaanaan kun naannoo Tigraayiitti namoonni beelaan du'aa jiru, hanqinni nyaataa babal'ataa jira jedhan. Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom ibsa Jeeneeviitti gaazexeessitootaaf kennaniin, ''haalli amma naannoo Tigraay keessa jiru jecha tokkoon yoon ibsu baayyee sukkaneessaadha. ''Ummanni miiliyoona 4 fi walakkaa ykn miliyoona shan ta'u ammatti deeggarsa namoomaa barbaada,'' jedhan. ''Kanneen dhibbantaa 91 ta'an deeggarsa nyaataa fi baay'een isaanii ammoo sababii beelaatiin du'aa jiru. Kana malees ammoo hanqinni nyaataa cimaa kan mudate hedduudha'' jedhan Dr Teediroos. Lola naannoo Tigraayitti uumameen walqabatee namoonni miiliyoonotaan lakkaa'aman deeggarsi nyaata yeroo atattamaa akka barbaachisu ibsamaa turuun ni yaadatama. Naannoo Tigraayiitti ''namoonni hedduun sababii hanqina nyaataatiin du'uu akka danda'an'' aanga'aan mootummaa tokko walgahii hojjattoota gargaarsaa waliin ture tokko irratti dubbachuu odeeffannoo bahee yaadannoo irratti barraa'ee argamuun gabaafamunsaa ni yaadatama. Lola mootummaa federaalaafi naannichaa jidduutti uumameen, dhiyeessiitin nyaataa gabaarra dhabamuun, weerara awwaannisaa naannichatti mudatee tureefi kanneen birootiin namoota hedduu eeggattuummaan deeggarsa nyaataaf saaxiluu gabaasaaleen adda addaa himaa turan. Mootummaan Gamtooman gama isaatiin ummanni Tigraay miliyoona 4.5 ta'u deeggarsa nyaataa atattamaa barbaada jedhee ture. Motummaan Itoophiyaa gama isaatiin deeggarsa namoommaa lammiileen gahuuf kan danda'ameef hunda taasisaa turuu irra dedeebiin ibseera. Kana malees motummaan dhaabbileen deeggarsa namoommaa dhiyeessan guutuu Tigraay keessa galuun akka hojjataniif hayyamun alattis namoota miliyoonaan lakkaa'amanif deeggarsa taasisuu beeksiseera.
oduu-52666228
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52666228
Ambootti ijoolleen haadhaafi abbaa isaanii du'aan dhaban maalirra gahan?
Magaalaa Ambootti ijoollee haadhaafi abbaa akkasumas obboleessa isaaniis du'aan dhabuun jireenya daandiitti bahanii turaniif gargaarsi walitti qabamaa jira.
Ijoolleen kunneen jalqaba abbaa isaanii sababa dhukkubaan du'aan dhaban. Booda rakkoo nageenyaa magaalaa Amboo keesstti mudatee ture irratti obboleessi isaanii ajjeefame. Haati isaanii jalqaba abbaa warraa waliin rakkachaa turte miidhaan itti baay'ate. Yeroo ilmi isaanii kun ajjeefamu ammoo inumaa gadda guddaa keessa galan. Maatii jiraachisuunis ulfaataa dhufe. Xumura irratti haati ijoollee kanaas du'aan boqatan. Osoo hin turiin ammoo ijoolleen durbaa sadan kun waan ittiin jiraatan dhabuun jireenya daandiitti bahan. Erga seenaan isaanii kun miidiyaa hawwaasaatti bahee namootni baay'een deeggarsa gochaafii turan.
oduu-53791134
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53791134
Piriimer Liigiiin Itoophiyaa yoomiifi akkamiin deebiyee jalqabamaa?
Piriimer Liigiin Itoophiyaa sababa weerara koronaavaayirasiitiin erga dhaabbatee bubbuleera.
Haata'u malee, erga dhiyootii asiitii kilaboonni Liigichii taphattoota haaraa mallatteessifachuufi warreen duraan turan waliin ammoo waliigaltee haaromsuuf sosocho'aa jiru. Sochiin kun yeroo ilaalamu ammoo Piriimer Liigiin kun deebiyee jalqabaminnaa? kan jedhu gaaffii kaasaa jira. Deebiin gaaffii kanaa eyyee taanaan attamiin taphatti deebiyama? Dirree qullaa deggartoota hin qabne keessatti gaggeeffamaa? Federeeshinii Kubbaa Miillaa Itoophiyaatti Daarektarri Hayyamaa Obbo Tewoodiroos Firaankoo dorgommiin kubbaa miilaa akka deebiyee jalqabamuuf mootummaa waliin dubbachaa jirra jedha. Bulchaan kilabootaa erga ministeera fayyaa irraa hayyama argatee booda torbeewwan 6-7 jiran keessatti Liigichi jalqabuu danda'a jedha Daarektarici. Haata'u malee, Piriimer Liigiin Itoophiyaa guyyaa akkasii jalqaba jedhamee guyyaan adda bahee murtaa'e hin jiru jechuun ibsa Obbo Tewoodiroos. Kilabootarraa maatu eegamaa? ''Kilaboonni 'assaayimantii' fudhataniiru. Sana akka xumuraniin wanta irratti waliif galan erga fidanii booddee ministeera fayyaatiif dhiyeessina. Ministeerichi yoo hayyama nuuf kenne hojiitti galla," jedheera Daarektarichi. Obbo Tewoodiroos kilaboonni qajeelfama labsii yeroo muddamaa mootummaan labse hodofuu qabu jedha. Kilaboonni yeroo taphatti deebiyan haal-duree isaan guutuu qaban: Istaadiyoomii cufataniimoo bakka daawwattoonni jiranitti taphatamaa? Dhimma istaadiyeemii deeggartoota hin qabne keessatti taphni gaggeeffamaa. Mootummaanis tarsiimoo qopheessaa jira jedha Obbo Tewoodiroos. Haata'u malee haala amma jiruun taphoonni istaadiyeemii cufatanii bakka daawwattoonni hin jirretti gaggeeffama jedha. "Taphawwan karaa TV akka tamsa'an gochuudhaan hordoftoonni akka Piriimer Liigii Itoophiyaa daawwatan gochuudhaan akka galiin kilaboonni TV irraa argatan taasisuuf hojjechuu yaadneerra." Dabalataanis taphawwan Liigichaa istaadiyeemiiwwan murtaa'an irratti akka gaggeeffaman Daarektarichi BBCtti himeera. "Taphoonni istaadiyeemota warra kam irratti akka gaggeeffaman hanga ammaa murtee hin dabarsine. Dirreewwan filachuun murtee dabarsuu kan danda'an qaamolee wal dorgomsiisanidha. Haata'u malee, erga filatamaniillee yoo kan ulaagaa fayyaa hawaasaa hin guutne ta'an faayidaarra ooluu dhiisuu danda'a." Jijjiirraa taphattootaa...? Kilaboonni Piriimer Liigii Itoophiyaa taphattoota haaraa mallatteesifachuufi taphattoota duraan turan waliin ammoo waliigaltee haaromsuutti jiru. Sidaamaa Bunnaa, Hadiyyaa Hosaahinaa, Hawaasaafi Baahir Daar taphattoota waliin waliigaltee dheeressuurratti hojjechaa jiru. Federeeshinichi garuu jijjiiraan taphattootaa taasifamaa jiru beekamtii kan hin qabnedha jechaa jira. "Kilaboonni taphattoota mallatteessifachaa akka jiran miidiyaaleerraa dhaga'aa jirra. Haata'u malee, yeroo jijjiirraa taphattootaa Federeeshinichaa ammallaa hin banamiin jira. Qaamoleen sadan [Federeeshinii, Taphataafi kilabichaa waliigalteen mallatteessan yoo jiraate kan beekamtii seeraa qabaatu." Hayyamni taphni akka jalqabamu osoo hin argamiin dursanii kilaboonni adeemsa taphattoota mallatteesisuu keessa galuun isaanii waan bitaa namatti galudha jedha Obbo Tewoodiroos. "Hir'ina maallaqaa qabna jechaa taphattootaa mallatteessisuun wanti ta'e akka jiru namatti hima." Taphni Piriimer Liigii Itoophiyaa bara kana sababa koronaavaayirasiitiin addaan cite jedamuyyu murteen kun Piriimer Liigicha dursaa kan ture Faasil Kanamaa dabalatee kanneen biroo dheekkamsiisuun isaa ni yaadatama.
oduu-43368370
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43368370
Xiyyaarri tibba qubachuuf jedhu buufata Baanglaatti kufeen ibiddaan qabate
Xiyyaarri namoota 71 fe'ee gara Neeppaal buufata xiyyaaraa Kaatmaandu qubachuu osoo jedhuu kufee cacabee keessaa yoo xinnaate namoonni 49 du'usaanii madeen poolisii himan.
Xiyyaarich tibba qubachuuf jedhutti daandii baaburaatti bu'e Lubbu baraarstoonnis qaama namootaa xiyyaara himna qilleensaa Baangiladishiin US-Baanglaan gaggeefamu fi ibiddaan qabatee keessaa harkisaa turan. Xiyyaarri lakkoofsa balaliinsa isaa BS211 ta'e osoo qubachuuf jiru ture kan guyyaa Wiixataa. Balaliinsi galuufi bahuu hundumtuu buufatichaan haqamuusaa midiyaalee biyya keesaatiin gabaafameera. Xiyyaarichis Bombardeier Dash 8 O400 turboprop' ta'u kan midiyaale biyya keessaatiin adda baafame ta'u garuu qaama motummaa irraa hin mirkanoofne. Balalinsichis sa'aatii 08:35 (GM) irratti kan qubate ture akka odeefannoon marsaritii balaliinsa xiyyaarotaa 'flightRadar24' argameetti.
44701243
https://www.bbc.com/afaanoromoo/44701243
'Durbi dur hin geerartuu, kan Ilfee Qannoo raajaa'
Dhiha Oromiyaa naannawa magaalaa Naqamteetti dhalattee magaalattii keessatti guddatte, hojii muuziqaas achumatti eegalte. Sirboota qabsootiin beekamti. Jaalalaan qabdee hacuuccaa ummatasheerra ga'u ibsiti. Isa booda mootummaa Dargiitiin magaalaa Naqamteerraa hari'amtee gara magaalaa Finfinnee deemtee achitti sirboota qabsoo itti fufte.
Aartist Ilfinash Qannoo Amma Noorway magaalaa Bergen jiraatti. Hojii aartii keessatti miidhaan jabaan akka irra ga'e dubbatti. Mataa gogaa qaruuraa cabaadhaan haadamuu, mana hidhaatti dararamuufi mirga sirbuu dhabaa akka turte dubbatteetti. Ta'us garuu ifaajeen keenya lafatti hin hafne, dhaloonni ammaa jabaatee artii keenya oluma kaasaa jira jetti Ilfinash Qannoo. Jiruufi jireenya Oromoo keessatti artiin iddoo guddaa qabaachuu kan dubbattu Ilfinash, hawaasni keessatti guddatte gara sirbaatti akka galtuuf akka ishee kakaase dubbatti. Sanuma keessa darbee hanga kaassettoota kudhanii akka qabdus dubbatti. Durummaa kaastee geeraruu akka barbaaddus dubbatteetti. ''Geerarsa baayyeen jaalladha'' Godina Wallaggaa Bahaa naannoo magaalaa Naqamtee bakka Sibuu Guutoo jedhamtu kan dhalatte Aartisti Ilfinash Qannoo bara 1969 AlI tti qabsootti makamtee achumaan hojii artii akka eegalte BBC'tti himteetti. Hojii artiitti dhiiga ijoollummaa fixeeera kan jettu Aartist Ilfinash Qannoo haalli jiruufi jireenya hawaasa keessatti guddattee ogummaanshee garanatti akka luucca'uuf sababa ta'uu ibsiteetti. ''Warri keenya yeroo qotiisa qotan, yeroo haramaa haraman, ciraa ciran, meesii meesan ni geeraruu, ni sirbuu, cidharratti ni sirbuu, isa kanan baadiyyaa keessatti argaa guddadhe'' jetti Ilfinash. Geerarsa baayyeen jaalladha kan jettu Ilfinash Qannoo geerarsa jalqabaa keessaa muraasa BBC'f gumaachiteetti. Artist Ilfinash Qannoo Geerar geerari jettuu Ani maalan geeraraa Anoo yaadan yeelalaa Geeraree maal na gonfuu Yoon dhiise natti kolfuu Yoon geerare maal qabaa Eessa kootu mudaa qabaa Gudar gubbaan lafaaree Dubartummaan fafaaree Citee namatti hafaaree Jedheen itti joorekaa Foon maddii na qoorekaa Yoo dhiirri rafee ka'ee Anatu teellaatti hafaaree Mee takkan raajii raajaa Unkuroon buqqee raajaa Farsoon diinnichaa raajaa Lafti kaa hin ijaajjuu kan Oromiyaa raajaa Nadheen hareeda hin baastuu kan haadhoo reettii raajaa Durbi dur hin geerartuu Kan Ilfee Qannoo raajaa Jaalala fakkeesseen ergaa siyaasaa dabarsa Sirboota isheen ittiin beekamtu keessaa 'malli maali' kan jedhu keessa ergaan siyaasaa Oromoo dhokatee jiraachuu kan ibsitu Ilfinesh, bar sana yoo jaalala irra dibnee sirbine malee qabiyyeen siyaasaa waan gulaalamuuf mootummaan Dargii nuuf hin dabarsu jetti. ''Ani sirba jaalalaa hin sirbu. Sirbuma siyaasaa kan garbummaa saba koorraa fonqolchun onnadhee sirba'' Sababa waa'ee Oromoofi hacuuccaa ga'aa ture sirbaan mul'isteef mataa gogaa haadamuufi gara-jabinaan reebamuu , eelaan sunimmoo amma dhibee itti ta'ee akka jiru dubbatti. Muudannoo hojii artii keessatti na mudate baran bilisoomen dubbadha jetti Ilfinesh,''Uummanni Oromoo waanan miidhame bareechee beeka, sababa isaaniin jira, uummata Oromoo biyya keessa jirutu waan narra ga'e sirriitti beeka.'' Milkaa'uun ergaa Oromoon ga'uudha ''Ergaa sirbaan gurra Oromootiin ga'uun milkii hunda caaluudha. Kan biraa faayidaan argannu hin jiru'' jetti Ilfinash. Albeema baasan irrattillee hacuuccaan akka ture kan dubbattu Ilfinash, wal'aansoodhumaan yoona geenye malee sirba baasnu gurgurannee hin beeknu jetti. "Uummata Oromoo hamma ga'e bira haa ga'u, hammi hubate ergaa keenya haa hubatu jenneetu jabaannee hojjenna. Haala kanaan gara kaaseta 10 baasera.'' "Ijoolleen koo dullaa koo na harkaa fuudhaniiru" Hojii artii keessaa harka fudhachaa jiraachuu garuummoo ijoolleenshee akka itti fufsiisaniif deggeraa jiraachuu dubbatti. ''Sirba ijoolleen koo lamatu sirbu, Dawwiifi Daangaa jedhamu, isaanitti dabarseera, isaantu na harkaa fuudhe dullaakoo. '' Eelaan bara artiin qabsaa'aa turtee amma kan harka kennachiifte ta'uu kan dubbattu Ilfinash, amma sagaleenis waan na dideef ijoollee koon gorsa jetti. ''Ijoolleekoo guddisee uummata Oromoof kenneera,'' jetti Aartist Ilfinash Qannoo. Sadarkaan artiin Oromoo har'a irra jiru abdachiisaa ta'uu kan dubbattu Ilfinash, artistoota Oromoo warren jabana kanaa galateeffatteetti. Yeroo barasaanii rakkoon guddaan akka tureefi ofirratti murteessanii waa'ee uummata Oromoo sirbaa akka turanis ibsiteetti, amma waan baayyeen jijjiirameera, ammoo ammallee waan hedduutu hafaa jetti. ''Yeroo keenyaa teekinooloojiin hin turre, mul'achuun hin jiru, masaraa mootummaa jala dhaabbannee qawwee malee maaltu bilisaa nu baasa jechaa turre. Ofirratti murteessineetti.'' ''Nuti dur dukkana keessatti dhumaa turre. Amma garuu ijoolleen booda keenyaan ka'aniiru. Artiin keenya waan hedduu mo'achaa dhufeera. Ijoolleen Oromoo wayita isaan mootummaa sana keessa dhaabbatanii sirban nan gammada. Ammas ciminasaanii kana otoo hin nuffin, utuu hin hiikkatiin fuulduratti deemuu qabu,'' jechuun sirbitoota Oromoo jajjabeessiteetti. ''Hojii artistoonni Oromoo amma hojjechaa jiraniin hamilee horadhee asham ofiin jedheen jiraadha,'' jetti Ilfinash. Lagarra Ceeneerra, galaanni ceenu garuu ganaadha Aartistoonni Oromoo bara durii qormaata keessatti artii Oromoo miilaan dhaabaniiru, akeekkiin ganamaafi kaayyoon galgalaa amma waan milkaa'aa jiru fakkaata, garuu ammallee lagarra ceene malee galaanni nu hafa jetti Ilfinash. Galaanarra ceenaan biyyatti galla, egereen keenya ifaadha ta'us garuu of eeggachaa sirbuun barbaachisaadha jetteetti Ilfinash. ''Akka bara 1992 biyyatti nam'inee biyyee nyaanne sanatti salphachuu hin qabnu. Ilaallachaa deemuun gaariidha. Qabsoon nuti manaa baaneef bakka geessi jedheen abdii qaba.'' Dhiigni qeerroo fi qarree, bilisummaa harkaan nu qabachiisaa jira. An har'a du'ullee na hin gaabbisiisu, qeerroon keenya kaateetti, Gadaan Oromoos ka'eera, kanaafuu bilisummaa barbaannu bira yeroo gabaabduu keessatti ni geenya jedheen abdii qaba.'' Qabsoo Oromootti kan lubbuu hortee jabeessite Ilfinash sirboota qabsooshee keessaa tokko nuuf gumaachiteetti. An abdii hin kutadhuu ya qeerroo ganamaa An abdii hin kutadhuu ABO ganamaa Obsi an sin dhiisu kallachi koo sumaa Otoon goflaa baasee akkuma allaattii Barareen siif dhufaa bosona keessatti... Sagalee Kiiloleen kun garam deema? Aartistoonni Oromoo guutaniiru. Keessumaa Artistoonni biyya jiran aannan na obaasan. Kan na dadhabsiise umurii koo otoo hin taane dullaa wayyaaneeti. Yeroo ijoollummaa kan na tuman amma natti dhagahamaa jira. Homaa miti, ani amma yoon du'es qeerroon koo waan naaf kaateef, ekeraan koollee ni gammada. Hojii koos na arkaa fuudhaniiru. Kanaaf isaan jajjabeessuudha hojiin koo.''
oduu-54319317
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54319317
Haqa: Falmii mana murtii hojjettuun manaa dureessa ishee hojjechiifatu itti jilbeeffachiifte
Itoophiyaattis ta'e bakka birootti kan barame tokko jira. Yeroo baayee meeshaan mana keessaa yoo badu dursa kan shakkamu hojjettuu manaati.
Paartiifi dureessa ishee hojjechiifatu Liiyewu Muun Liyoong Biyya Singaappoorittis dureessi meeshaan jalaa bade tokko hojjettuu mana isaatti qacarateen, situ hate, situ na saame jechuun hanga poolisii itti waamsisuutti gahe. Isaan booda dubbichi mana murtii gahee adeemsi murtichaas miidiyaafi qalbii ummataa hedduu hawwachuun dhimma seena qabeessa ta'uu danda'eera. Haati seenaa kun Paaritii Liyaanii jedhamti. Hojjettuu mana namaa biyya Indoneeshiyaarraa jireenya foyyeeffachuuf jecha gara Singaapoor deemtedha. Mana maatii dureeyyii Singaappoor tokko keessa hojjetti. Ji'a ji'aan miindaa Dolaara 600 (Birroo kuma 23) isheef kaffalama ture. Namichi Paaritiin hojjettuu manaa godhatee qacarate kun biyya Singaappoor keessatti abbaa qabeenyaa jira jedhameefi baayyee dureessa ta'e beekamaadha. Namichi kun kampaaniiwwan hedduu kan hudeesse, abbaa qabeenyaafi hoji-gaggeessaadha. Dubartiin mana dureessichaa hojjettu kun borsaawwan harkaa gati-jabeeyyii ta'aniifi meeshaa elektirooniksii viidiyoo taphachiisan hatteetta jedhamuun kan himatamte yoo ta'u, bu'aa ba'ii dheeraafi adeemsa mana murtii obsa nama fixachiisu waggootaaf ture booda ji'a kana keessa bilisa baate. "Dhuma irratti bilisa ta'uu koo gammadeera," jechuunis karaa warra afaan hiikaniifii rippoorterootatti himteetti. "Waggoota afuriif wallaansoo qabaan ture," jette Paaritiin. Haata'u malee, adeemsi murtichaa gaaffilee haqaa hedduu kaaseera. Namoonni sadarkaa jireenyaa gara garaa irra jiran adeemsa haqaa Singaappoor keessatti walqixa akka hin ilaalamne kan mul'isedha jedhameera. Keessattuu dubartiin mana namaa hojjettu kun nagaa taatee osoo jirtuu waggaa afur haqa dhabdee turuun ishee sirni haqaa biyyattii hanga akka fokkisaa ta'e agarsiiseera jechuun qeeqameera. Paaritii Liyaaniin kan mana dureessa kanaatti qacaramte bara 2007 keessa ture. Namichi hojjettuu manaa kana qacarate ammoo Liiyeewu Muun Liyoong jedhama. Namichi kun miseensota maatii isaa hedduu waliin mana tokko keessa jiraatu. Ilmi dureessichaa Kaarl jedhamus maatii waliin manuma sana keessa jiraata ture. Gaheen hojii Paaritii miseensota maatii kana hunda kunuunsuu, isaaniif nyaata bilcheessuu, uffata miicuu, kosii haruu, qulqulleessuufi hojii mana keessaa biroo ture. Bara 2016 ilmi duuressichaa, Kaarl Liiyeewu haadha warraa isaafi ijoollee isaa waliin mana abbaa isaatii bahee mana biraa keessa jiraachuu jalqabe. Ilmi dureessichaa mana biraa keessa jiraachuu erga jalqabees gahee hojiishee irraa eegamu ta'uu baatus mana isaafi waajjira isaa akka qulqulleessituuf irra deddebiin ishee gaafachaa akka ture ragaan mana murtiitti dhiyaate ni ibsa. Haalli kun ammoo seera hojjetaafi hojjechiisaa biyyattii kan cabsedha. Isheenis komii kana irra dedeebitee dhiyeessaa turteetti. Kun ta'ee ji'oota muraasa booda maatii hojjechiisaa ishee jalaa hatteetta jedhamtee hojiirraa ishee ari'an. Ilmi dureessichaa yeroo inni akka isheen hojiirraa ari'amte itti himetti akkas ittiin jettee turte: "Maaliif akkan ari'ame nan beeka; mana fincaanii kee hin qulqulleessu waanan jedheef." Paaritiin akka deemtuuf sa'aatii lama qofatuu kennameef ture. Yeroo sokkoodhuuf mi'a ishee xaxata turtetti dhiisii deemi biyyatti siif erginaa waan jedhaniif guyyuma sana biyyashee Indoneeshiyaatti deebite. Erga Paaritiin deemtee qodaa isheen xaxatte yeroo ilaalan meeshaan kan ishee hin ta'iiniif 'hatte' jedhame arganii poolisiitti gabaasan. Paaritiin garuu waan ta'e kana quba hin qabdu. Torban shaniin booda hojii biraa barbachaaf gara Singaappooritti deebite. Akkuma deebiteen garuu to'annoo poolisii jala oolfamte. Adeemsi murtiis waan irra harkifateef hojjechuu waan hin dandeenyeef kaampii hojjetoota baqatanii biyya sana jiranii keessa turuudhaaf dirqamte. Waan isheen hatteetti jedhame maal ture? Namoonni ishee hojjechiifataa turan nu jalaa hatte jedhanii kan isaan himatan uffata 115, borsaawwan gati-jabeeyyii ta'an, meeshaa DVD taphachiisaniifi sa'aatii harkaa gati jabeessa ta'edha. Gatiin meeshaaleen isheen hatte jedhamee kun yeroo shallagamu Dolaara kuma 34 (Birrii Miliyoona 1.3) baasa jedhan. Yeroo adeemsa murtii keessatti falmii ishee dhiyeeffattutti meeshaaleen kunneen akka isaan jedhan hatamee osoo hin taane kan gatamanii turanidha. Meeshaaleen kaan ammoo erga isheen mana isaaniitii baateen booda ta'e jedhamee shaanxaa ishee keessa kan kaawwamedha jetti. Haata'u malee, abbaan seeraa kutaa bulchiinsa tokkoo bara 2019 keessa yakkamtuu akka taate itti muranii kan turan yoo ta'u waggaa lamaafi ji'a lama akka hidhamtu ture. Paaritiin garuu murticha callistee hin fudhanne; ol iyyannaa itti gaafaatte. Dhimmicha suutuma suutaan gara mana murtii ol-aanaa Singaappoor qaqqabe. Dhuma irratti ji'a Fulbaana kana keessa manni murtii ol-aanaa kun akka bilisaan gadhiifamtu murteesseef. Abbaan seeraa mana murtii waliigalaa Chaan Seeng akka jedhanitti, himannaa warra ishee hojjechiifataa turanii sana duuba shirri ture jedhan. Kana irrattis dabalataan poolisoota, abbootii alangaafi abbootii seeraa kutaa bulchiisaa sana keessatti dhimmicha keessatti hirmaatanitti quba qabaniiru. Paartiin yeroo ari'amtee akka biyya galtuuf itti himamu, hojii mana ilma mootichaa osoo waliigaltee tokkollee hin qabaatiin akka hojjettuuf gaafatamte ilaalchisuun himachuuf akka barbaaddu dubbattee turte. Akka seera biyya Singaappooritti ammoo hojii waliigalteen ala hojjechiisuun yakka nama adabsiisudha. Kana hubachuun warri ishee hojjechiifataa turan sun durasnii shira irratti xaxuuf murteessan. Mana ilma dureessichaa, Kaarl, keessaas akka hojjettu ishee ajajuun isaanii seera hojjetaafi hojjechiisaa biyyattiitti ni adabsiisa waan ta'eef kanaan akka isheen dursitee hin himanneef kana godhan jedhe abbaan seeraa kun. Meeshaaleen Paritiin hatteetti jedhaman hunduu kan hojiin ala ta'aniif gataman ture jedhe. Meeshaaleen hojiin ala ta'an funaananiin hatteeti jechuun akka ragaatti irratti dhiyeessan jedhe abbaan seera. Abbootiin alangaa DVDn suna akka hin hojjenne osoo beekanii adeemsa murtii kennuu keessatti garuu akka ragaa ta'ee dhiyaatee ture. Kun ta'uun ammoo adeemsa murtichaa jalliseera jechuun qeeqan abbaan seeraa Chaan. Dabalataan ragaa abbaa alangaa ta'ee kan dhiyaate ilmi dureessichaa Kaarl, ragaaleen inni dhiyeesse abbaa seeraa Chaan biratti amanamummaan isaanii gaaffii keessa galaniiru. Paaritiin hatteetti kanneen jedhaman uffannaan dubartootaa hedduun kan turan yoo ta'u, Kaarl kan eenyuuti jedhamee yeroo mana murtiirratti gaafatametti "isaan kan kooti" jedhe. Adeemsa murtii sana keessatti Kaarl wantota tokko tokko yaadachuu dahbuurra darbee, gaaffii "uffannaan dubartootaa maaliif jiraatan" kan jedhuuf "akka dubartiitti uffachuu akka jaallatu" dubbatullee abbaan seeraa CHaan "amansiisaa" ta'e hin fudhatamneef. Poolisiin ammoo mana yakki itti raawwatameera jedhame kan ilaale torban shanii booda ta'uun isaa ammoo gama abbaa seeraatiin gaaffii kaaseera. Afaan jalqabaa Paaritiin dubbattu afaan Indoneeshiyaa ta'ullee, poolisiin adeemsa seeraa duraan ture keessatti nama afaan hiikuuf hin dhiyeessineef ture. "Adeemsa poolisiin ittiin qorannoo gaggeesse baayyee gaddisiisaafi yaachisaa ture," jechuudhaan Yunvarsiitii Manaajimantii Singaappooritti barsiisaan Seeraa Hujin Taan BBCf ibsaniiru. "Qbbootin seeraa kutaa bulchiisichaa dursanii murteerra gahan. Dogogorawwan poolisiis ta'e abbaan alangaa raawwatan ilaaluu hin dandeenye," jedhu. Wallaansoo Daawwitiifi Gooliyaad Adeemsi murtii qalbii namoota hedduu hawate kun dureesichaafi maatii isaarratti akka dheekkamsi ka'u taaiseera. Sooressoonni hangam akka seeraan ol ta'aniifi iyyeessota bakka itti baqatan hin qabne yeroo gidirsaniifi miidhan kan isaaniif qaqqabu akka hin jirre kan agarsiisedha. Murteen ol-iyyannoo booda argame ammoo jallina kana kan saaxile ta'eera. Paaritiin dhuma irratti murtii argattullee walumaagalatti garuu sirna haqaarratti gaaffii guddaa kaasiseera. Warreen dubartii sana hojjechiifatan poolisiifi mana murtii himannaa sobaatiin iyyeettiirratti murtii jallinaa murteessifataniiru. Kun ammoo sirna haqaa waliigalaa biyyattiirratti dheekkamsa guddaa kaasiseera jedhame. Gocha kana hordofuun lammileen Singaappoor kampaaniiwwan hedduu Liiyewu Muun Liiyoong hoji-gaggeessaa itti ta'e dhiisanii soorama bahaa jiru. Murtee mana murtii waliigalaa akka kabajaniifi sirna haqaa Singaappoor irratti garuu amantaa akka hin qabaanne ibsa baasaniin beesisaniiru. Paaritiifi abokaatoo ishee Baalchaandaanii Dhimmichi dhimma Paaritiifi warra ishee hojjechiifataa turanii qofa ta'ee hin hafne. Adeemsa poolisoonniifi abbootiin alangaa ittiin qorannoo gaggeessan gama gamamuu qaba jedhameera. Ministirri Seeraafi Dhimma Biyya Keessaa Kee Shaanmugaan adeemsa seerichaa keessatti dogoggorri akka uumame amananii wanta mootummaan yeroo itti aananitti taasisu xiyyeefannaan hordofna jedhan. Qabeenyiifi aangoon hangam akka qindaa'anii seera akka barbaadan jallisan agarsiisuun olitti hojjetoonni mana namaa keessa biyya hormaa keessa hojjetan haqa argachuuf bu'e ba'iifi qormaata akkamii keessa akka darban kan agarsiisudha jedhameera. Paaritiin gargaarsa dhaabbata miti-mootummaa tokkoon Singaappoor keessa turtee yakka hin raawwanne jechuun falmatteetti. Abokaatoon ishee Aniil Baalchaandaaniin ammoo hojii abokaatummaa Dolaara kuma 150 kaffalchiisu bilisaan tajaajileera. "Abokaatoon ishee mootummaa waliin kokkee walqabuun ture kan dhaabbatee falmaafiif ture; wallaansoo Daawwitiifi Gooliyaad taasisan fakkaata. Dhuma irratti garuu Daawwiti mo'ateera," jedhan Piroof Taan. " Paaritiin gama isheetiin yeroo ammaa biyyasheetti deebiyuudhaaf qophiitti jirti. "Rakkoowwan koo hunduu naaf furamaniiru waan ta'eef amma gara Indoneeshiyaattan deebiyuu barbaada, " jechuudhaan miidiyaa tokkotti dubbatteetti. "Warra na hojjechiifataa turaniifis dhiifama fodheeraaf. Hojjetoota biroorratti akka dabalanii dabaa kana hin raawwannes himuun barbaada," jetteetti.
oduu-50152454
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50152454
Jawaar Mohaammad: 'Masaraa mootummaa keessatti Oromoo arrabsuun, abaaruun ummata dallansiiseera'
Jawaar Mohaammad Daareektara dhaabbata midiyaa OMN fi Roogeessii Oromoo haala mudate jedhamee ilaalchisee BBC waliin gaaffiifi deebii taasiseera.
Turtii Jawaar Mahaammad BBC waliin taasise Gaaffiifi deebii BBC waliin godheen haala itti aanuun qindeessine dubbifadhaa: BBC: Ibsa polisiin kennerratti maal jetta? Jawaar: Ni kijiba. Sagalee isaanii waraabnee maxxansinee jirra. Kan hafes ni maxxansina. Kaleessa galgala sa'aatii 6:20'tti konkolaataan lama balbala keenyarratti dhaabbate. Achiis ijoollee 'security'dhaan bayaa, meeshaa keessan fudhadhaatii deemaa jedhaniin. Ijoolleen ammoo garam deemna? jennaan, leenjii deemtu jedhaman. Isaanis halkan kanaan akkamitti dhiifnee deemna? Eenyutu bakka keenya bu'a? jennaan. Kuni wanti isin galchu hinjiru. Jawaar osoo hin dhagahiin bahaa jedhaman. Ani wayita san gubbaa rafaan ture. Isaanis kun sirrii miti jechuun ajajaa waliigalaatti himani. BBC: Ajajaan Komaandar Indaalee jedhaman kun eenyu? Jawaar: Itti-gaafatamaa eegumsa VIPti. Poolisii Federaalaa jala jira. Yeroo kaanis ijoolleef ajajaa fi qajeelfama kan kennu isa. Ijoolleen sirriitti beeku, bilbila isaas qabu. Dorsisuu eegallaanis waraabani. San booda na kaasanii, deebiseen bilbileef. Waanuma isaanitti hime sana hime. Gaaffiidhaan muddinaan 'Ani gooftaa koo ani iyyeessaa waanin beeku hinqabu. Reefuma ijoollee kan asii baasi ajajni jedhu natti kenname malee, waanin beeku hin qabu naan jedhe. Itti-aansee Komishinara Poolisiif bilbillaan hin kaafne. Ittaanaasaa Malaakuu Faantaa nama biraa dubbisnaan ajajni eegdonni achii akka ka'an murtaa'uusaa mirkaneesse. Sababa himuu hin dandeenye. Yeroo kana shakkiin nu keessa waan galeef gara of eeguutti sochoone. Paatirooliin sadiifi afur tahu dhufee nu marsuu eegale. Kuni qabatamaan kan godhame, ragaa guutuu kan lafaa qabnudha. Kana hin goone jedhanii sobuun, shira yaadamee ture haaluudhaaf akka ta'ettin fudhadha malee, dhugaarraa kan fagaatedha. BBC: Ajajni eenyurraa dhufe jedhan? Jawaar: Komaandar Indaale wayitan gaafadhu, hogganaasaa nama Yishaaq jedhamurraa ajajni akka dhufef natti hime. Yisihaaq kun daarektaroota keessaa nama tokko. Yishaaq kana bilbilee argachuu dadhabnaan, Ittaanaa Komishinaraa Malaakuu Fantaa namoota biraatiin bilbillee dubbifnaan, ajajni kun gubbaadhaa dhufuudha kan nutti hime. Gubbaa kam? jennaan, nuuf baasuu hin dandeenye. Wanni uummanni keenya hubachuu qabu, poolisoota waliin hariiroo gaarii qabna. Yeroo baanuufi gallu, ibsa kenninaafi odeeffannoo nuu kennu. Yeroo jijjiiramni kamuu godhamu anaaf, yookaan an argamuu baadhe itti gaafatamaa 'security' mooraa jiruuf bilbiluudhaan wanta jiru kennu. Kaleessa garuu osoo natti hin himiin, osoo ijoollee asi jiranittis hinhimiin dhufanii ijoollee kaasuudhaaf yaalan. Kan baayyee nu shakkisiisee ammoo osoo inni hindhagayiin bahaa jechuun sun, osoon ani rafee jiru ijoollee baasuudhaaf ture. Boodarra akka dhageenyeetti ammoo erga baasaniin booda, durriyyoota magaalaatiin tarkaanfiin akka fudhatamuuf qophaa'ee ture. Akkuma yaadatamu dhiheenya kana naannoo Boolee Bulbulaatti rakkootu ture. Rakkoo sana baballachiisanii gama dorriiyyootaatiin tarkaanfii anaafi manarratti fudhachiisuuf qophaa'aa akka turan amannee jirra. BBC: Wayita eegdota kana siif ramadan waliigalteen keessan maal ture? Maal waliin haasoftanii ture? Jawaara: Akkuman dhufeen guyyaan dhuferraa kaasee humna sadiirraati kan naaf ramadame. Poolisii Oromiyaa, Poolisii Federaalaafirraafi Tajaajila Nageenyaafi Odeeffannoo [intelligence] kan jedhamurraa ture kan naaf ramadame. Humna sadan kanatu na birattti ramadame. Yeroo booddee Poolisii Oromiyaa kaasanii warrii Dahininnatiifi Federaalaatu na biratti hafe. Waliigalteen, irra deebiyanii komishinaroonni akkasumas itti-gaafatamtoonni damee tikaatiis aggaammiin guddaan waan sirra jiruuf humni poolisii si bira jiraachuu qaba naan jedhan. Innumaattu yeroo tokkotti ani sekuuriitii [eegdota] dhuunfaan godhadhaa yoon isin rakkisuu baadhe jedhee gaafannaan duuneetu argamna jedhan. Yoo rakkoon tokko uumame nutu itti gaafatama jedhanii poolisii kana kan as kaa'an. Amma garuu ni kaafna, kanaaf kaafnas kan jedhu yeroo tokkollee odeeffannoo nuuf hin kennine. Poolis komiishinaricha wajjin yeroo baayyee waliin haasofna. Warra Dahininatii waliin yeroo hunda waliin haasofna. Garuu gaafuma tokko akka kaasan, maaliif akka kaasan naaf himanii hin beekan. Ijoollee as jiranittis [eegdotattis] himanii hin beekan. BBC: Doorsiisni paarlaamarratti ture manatti ce'ee jira jetteetta. Haasawa isaan kaleessa taasisan waliin walqabata jettee amantamoo? Atiifi Ministirri Muummee Abiy yeroo dhumaatiif kan wal argitan yoom? Jawaar: Haasawaan ministira muummichaa ifa ture. Miidiyaan isaan jedhan kam akka ta'e afaanuma miidiyaawwan dubbataniin ture kan dubbataa turan. Namni miidiyaa bulchu, lammummaa biyya alaa qabus, ana akka ta'e namni beeka. Ifa ture. Doorsiisni sun doorsisa ministira muumichaa tokkorraa hin eegamne, keessattuu ammoo nama akka obboleessaatti, akka sabaatti waliin jirru, nama yeroo dheeraadhaaf gargaaraa turrerraa hin eegamne waan ta'eef baayyeen rifadhe. Baayyeen yaadda'e. Wanta akkasii sana dubbachuun wanti tokko kan narra ga'u osoo taate, osoo innuu keessa jiraachuu baatee qubni gara isaatti akeekama kan jedhu, waahellani isaatti, jaallan isaa paartii isaa keessa jiranitti, jaarsolii paartii isaaniitti himaan ture. Barruunis deebiseen ture. Haasawaan isaa kallattiidhaan walqabataa kan jedhu wantonni mul'isa jiru. Tokkoffaan guyyaa doorsifni kun godhametti galgala yaaliin sun godhamuun waa malee natti hin fakkaatu. Poolisoonni as jiranis, jechuun warri as dhufes ajajoonni poolisii, komishinaroonnis waa argan malee tarkaanfii akkasii fudhatan jedhee amanuudhaaf na rakkisa. Keessa kan hin jiraanne yoo ta'e ministirri muummichaa kan ibsa kennu ta'a. Ani akka kiyyatti garuu ummannis akka ilaalaa jirutti haasawaan isaa, doorsifni isaatiifi tarkaanfiin Poolisiin Federaalaa fudhachuudhaaf yaale waan walqabatu natti fakkaata. Gaaffii ministira muummichaa waliin kan wal agarre jedhurratti, gaafa paartileen Oromoo walitti fidnee Gaaddisa Hoggansa Oromoo dhaabnedha. Sanii as wal hin agarre. BBC: Erga ati halkan wanta kana himtee booda mormiin magaalota gara garaatti adeemsifamaa jira. Namoonnis rasaasaan dhahaman kan jedhu gabaasaaleen ni jiru. Dhaamsa maalii qabda kana irratti? Kana qofaa miti ummata kan dallansiise. Ummanni keenya garaan bilchaataa jira. Erga jijjiiramni kun dhufee gaaffiin isaa hin deebineef. Gaaffiin isaa deebiyuun hafee wantota madaa isaa tutuqqan, mootota kaleessa isa gabroomsaa turan, isa dhiitaa turan, isa fixaa turan, harkaafi harmasaa muraa turan faarsuun mufii uumeera. Siidaan qabsaa'ota Qeerroo, siidaan qabsaa'ota dhugaa, qabsaa'ota dhugaafi dimokiraasii, tokkichi osoo hin dhaabbatiin, madaan isaanii osoo hin qooriin awwaala isaaniitiiirratti yaadannoon osoo hoomaa hin godhamiin mootota nama fixaa turaniif yaadannoon godhamuun kun ummata keenya keessatti haarii guddaa uumee jira. Masaraa mootummaa keessatti ummata Oromoo arrabsuun, abaaruun ummata keenya dallansiisee jira. Akkasumas, ejjennoon ministira muummee deemaa jiru kan faallaa ejjennoo qabsoo Oromoo ta'e, kan Sirna Federaalizimii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu sarbu kun, ummata biratti falmii guddaa, komii guddaa uumee jira. Dhimma kana irratti ani barreessaa turuun ni beekama. Kana ammoo ukkaamsuudhaaf, doorsisuudhaaf tarkaanfiin kun anas callisiisuudhaaf akka ta'etti ummanni kan fudhatee jiru. Kanaaf ummanni anaafi OMNtiif osoo hin ta'iin mirgaafi dantaa isaa kan sarbamaa jiru, kan gaaga'amaa jiru, bu'aa aarsaafi wareegama isaa balaa irratti aggaamamee jiru kana ofirraa ittisuudhaaf tarkaanfii fudhataa jira. Ergaa ani qabu, qabsoo isaa akkuma duriitti nagaan, qabeenya mootummaafi kan dhuunfaa osoo hin barbadeessiin, qaamota nageenyaan osoo walitti hin bu'iin, sabaafi sab-lammii isaan keessa jiran waliin osoo walitti hin bu'iin, qabsoo nagaa, qabsoo mirgaa naamuusaafi tokkummaa qabuun tooftaadhaan dabaalameen akka gaggeessan. Kanarrattimmoo, mootummaannis mirga ummataa waan ta'eef tarkaanfii humnaarraa akka of-qusatuufi dhimmoota ummata keessa jiraniifi haala amma jiran kanas ummata tasgabbeessuu qaba. Ummataaf wabii kennuudhaaf, hoggansi mootummaa kan Federaalarra jirus, kan naannoorra jirus dhokachuu dhiisuudhaan gadi bahee ummata isaa waliin akka haasa'u. Keessattuu, hoggansi ODP ummata keenya hanga yoomiittiyyu dheessuu hin danda'u. Kun gaaffii murteessaadha. Ummata keessan hin dheessiinaa. Ummata keessan hin ajjeesiina. Gadi bahaa waliin mariyadhaatii, hayyuu keessan wajjin, hoggana wajjin gadi bahaa rakkoo uumame furree ce'umsa adiidarraa bahe kana daandiitti haa deebifnun jedha.
oduu-43948040
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43948040
Taphattoota filatamoo torban kanaa
Tapha Piriimer Liigii torban kanaa leenjisaan Arsenaal Arsen Vinger yeroo dhumaatiif gara Ooldi Tiraafoordi itti deemaniifi Kiristaal Palaas kilaba bara dheengaddaa shaampiyoonaa ture Leesteriin 5 fi 0 mo'ateen Gaarez Kiruuksi taphatoota ciccimoo 11 garee tokko ijaaru jedhu filateera.
Goolii kan eegu Been Fooster (Westihaamirraa) Cimana Westihaam erga dhiyeenya kanaa agarsiisaa jiraniif goolii eegaan kilabichaa Been Fooster gahee guddaa gumaachaa jira. Taphataan Niwukasil Diwaayit Geeyil gara gooliitti kan haleele attamitti akka inni qolate hin beeku jedha Garez Kiruuksi. Galataa Been Foosteriif malee Westbiroomitti taphoota 13 keessaa si'a lamaaf osoo gooliin itti hin lakkaa'amiin xumuraniiru. Sararara Ittisaarraa Waardiifi Aanholti (Kiristaal Palaasirraa), Abzulkeetaa (Chalsiirraa), Dowusan (Westibiroomirraa) Dandeettii Joowel Waardi Kgareensaa Kiristaal Palaas Leester waliin taasiseen agarsiise ajaa'iba ture. Kanaafidha taphata filatamaa 11 torba kanaa keessa kanan galchuuf dirqame jedha Kiruuksi. Haaluma walfakkaatuun taphataan gareesaa biroo Paatiriik Vaan Aanholti Leesteroonni gara gooliitti akka hin dhiyaanne gochuuf waan danda'u hunda gchaa tureera. Kanaafis Kiristaal Palaasirratti gooliin osoo hin lakkaa'amiin xumuraniiru. Abzulkeetaan ga'hee Chelsii keessatti qabu guddaa ta'uu isaa ammallee agarsiisaa jira. Kubbaawwan inni morkatoota jala deemaa irraa buusu ajaa'iba turan. Chalsiif barri dorgommii kun hedduu kan jajamu ta'uu baatus Abzulkeetaan garuu cimana gaarii agarsiisaa jira. Westbiroomirraa Kereeg Dowusan torban kana keessa toora warra cimina agrsiisan keessatti ramadameera. Sarara Gidduu Fernaandinihoo (Siitiirraa), Idiriis Gaanaa, (Evertenirraa), Ruuben Looftes (Kiristaal Palaasirraa) Maanchester Siitiirraa Fernaandiinihoon waan gochuun irraa eegamu mara gochaa jira. Idiris Gaanaa evertenirraa garee ciccimoo 11 keessa galuudhaaf isa jalqabaadha.Gooli tokko lkoofisuu cinaatti sarara ittisaarraa deemee hojjiin hojjetu baayyee cimaadha. Ruuben Looftes Chiik dandeettii Kiristaal palaasiif amma agrsiisaa jiru kanaan itti fufnaan garee Ingliiz waliin waancaa addunyaaf gara Raashiyaa ni deema jedheen yaada. Sarara fuula duraa Duusaan Taadich (Saawuuzhampieen), Isterliingi (Maanchester Siitiirraa), Zahaa (Kiristaal Palaasirraa) Goolii erga waggaa tokkootii asitti kan jalqabaa kan lakkoofsise Duusaan Taadichi warra Saawuuzhaampien tapha torban darbee kanaan taphataa kamiyyu caalaa carraa gaarii uumeera. Isteerlingiis hanga ammaatti bara kana goolii 23 lakkoofsisuun yaalii itti hin fayyadamiin hafe osoo dabalatee ammoo hanga ammaa goolii 40 lakkoofsisuu danda'a ture. Kubbaa sadan inni mijeessee kennes cimina taphataa kanaa mulliseera. Wilfireed Zahaa tapha Leester waliin tureen humna addaa uffatee ture. Zahaan cinimna isaa kana qabatee akka itti fufu gorsuun barbaadas jedhe Kiruuksi.