id
stringlengths
8
17
url
stringlengths
40
49
title
stringlengths
21
147
summary
stringlengths
21
777
text
stringlengths
264
23.2k
oduu-45264621
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45264621
Komishinar Mitikkuu: ''Gogiinsa caalaa walitti bu'iinsatu hedduu qe'eerraa buqqaase''
Itoophiyaatti sababa walitti bu'insaa fi goginsaatiin lakkoofsi namoota harka mootummaa eeggatanii dabalaa dhufusaa obbo Mitikkuu Kaasaa, komishinerri Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa BBC'tti himaniiru.
Ijoollee fi harmoolii qe'eesaaniirraa buqqa'anii deeggarsa barbaadan Sababa walitti bu'insa naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduutti uumameen mootummaan birrii biliyoona lama ramaduun hojjechaa jira jedhaniiru obbo Mitikkuu. Bara 2010 ALI kanatti baajatni namoota sababa garagaraatiin qe'eesaanirraa buqqa'an deeggaruuf ramadame akka waliigalaatti Birrii biiliyoona 6 jedhan. Akka Obbo Mitikkuun jedhanitti, ''bara kana namoota sababa goginsaan deegarsa barbaadan caalaa, namoota sababa walitti bu'insaan qe'eesaaniirraa buqqa'antu deeggarsa guddaa barbaadaa jira''. Namootni Jigjigaa irraa baqatanii daandiiwwan magaalaa Finfinnee jiran deeggarsa argataa hin jiran komii jedhu ilaalchisees Obbo Mitikuun waa'ee dhufaatii isaanii ilaalchisee odeeffannoo ETV irraa arganneen adda baasnee deeggarsa kennineera jedhan. Haa tahu malee amma gidduugalummaa raayyaa ittisa biyyaa fi jaarsolii biyyaan haalli Jigjigaa keessa jiru akka tasgabbaa'u waan taheef gara Jigjigaatti akka deebi'an itti himameeras jedhu. Erga deebi'aniis deeggarsi achumatti waan isaaniif taasifamuuf as dhufuu hin barbaachisu jedhan. Dabalataan achumatti hojiin deebisanii qubachiisuu fi ijaaruu waan hojjetamuuf asitti deeggarsa kennuun hin barbaachisu jedhan. Komishinichi osoo bakka jiraniitti deeggarsa dhiyeessuu hin danda'u tahe, akkasumas haalli nageenyaa naannichaa achi isaan tursiisuu hin danda'u yoo tahe qofadha achii bahuun kan barbaachisu jedhan. Furmaati xumuraas haala nageenyaa naannichaa mirkaneessuufi uummata kana deebisanii ijaaruudha jedhan. Hanqinni baajataa ammayyuu rakkoo tahuu danda'a sababnisaas qabeenya jalaa barbadaa'e, kan akka manaa deebisanii bakka buusuu waan barbaaduuf jedhan obbo Mitikkuun. 'Walumaagalaan lakkoofsi namoota deeggaramaa jiranii miiliyoona 2.8 gaheera' Osoo nageenyi biyya keessa jiraaatee baajatni guddaan kun hojii misoomaaf oola ture jedhan obbo Mitikkuun. Dabalataanis sababa gogiinsa Baha Itoophiyaatti waggoota lamaan darban keessa uumameen namootni kuma 600 deegaramaa jiraachuus obbo mitikkuun himaniiru. Sababa walitti bu'insa naannoo somaaleetti uumamee dabalatee Itoophiyaa keessa lakkofsi namoota sababa walitti bu'insaan buqqa'anii miliyoona 2.2 akka tahan obbo mitikkuun himaniiru. Walumaagalaan lakkoofsi namoota deeggaramaa jiranii miiliyoona 2.8 gaheera jedhan. Mootummaan bara 2008 irraa eegalee bajata guddaa ramaduun namoota sababa garaagaraan qe'eesaaniirraa buqqa'an gargaaraa jira. Bara 2008 keessa qofa baajata mootummoota naannoolee,uummataa fi dhaabbilee gargaarsaa osoo hin dabalatiin mootummaan Federaalaa qofa birrii Biiliyoona 16 ramaduun deegarsa gochaa tureera jedhan obbo mitikkuun. Dabalataan bara 2009 goginsa naannoo horsiisee bulaatti uumameen mootummaan bajata Birrii Biliyoona 8.5 ramaduun deegaraa tureera.
43054806
https://www.bbc.com/afaanoromoo/43054806
Obbo Baqqalaa Garbaa eenyuu? Isiin eenyu jettuun?
Obbo Baqqalaa Garbaa hayyuu Oromoo fi nama siyaasaa Godina Wallaga Lixaa, Ganda dhiheenya Boojjii Birmajiitti bara 1961akka dhalatan ragaaleen ni mul'isu.
Obbo Baqalaa Garbaa Barnoota isaanii sadarkaa tokkooffaa achuma mana barnootaa Boojjii Birmajiitti erga baratanii booda, barnoota isaanii sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Gimbii sadarkaa lamaffaatti baratan. Obbo Baqqalaan digrii jalqabaatiin Yunivarsitii Finfinnee irraa Afaan Ingilizii fi Ogbarruun erga eebbifamaniin booda, Manneen barnootaa Dambi Dolloo fi Najjootti barsiisaniiru. Erga bara 2001 barnoota diigrii lammaffaa isaanii Ingliffaan yunivarsitiidhuma Finfinnee irraa xumuraniin boodas, Kolleejjii Barsistootaa Adaamaatti Afaan Ingilizii fi Afaan Oromoo barsiisaniiru. Yeroo sana mormii barattootaa waggaadhaan dura gaggeefamee ture deeggartee jirtaa jechuudhaanis bara 2005tti kolleejicha irraa arii'aaman. Isaan boodas gara Magaalaa Finfinneetti siquun waggoota lamaaf yunivarsitiiwwan dhunfaa lamatti barsiisaa tura. Isaan boodas bara 2007tti yunvarsitii Finfinneetiin dhaabbataan qaxaramuun afaan Inglizii barsiisuu itti fufan. Seenaan siyaasaa Obbo Baqalaas bara 2009 erga paartii mormituu Warraaqsa Federaalistii Dimokiraatawa Oromoo (OFDM) akka miseensa koree hojii raawwachiftuu fi ittigaafatamaa kutaa Qunnamtii Ummataatti hojachuu eegalanii booda ture. Obbo Baqqalaan bara 2010tti filannoo keessatti hirmaatan illeen paartiin biyya bulchaa jiru filannichaan teessoo mana marii bakka bu'oota ummataa harka 99 kan mo'ate ana waan jedheef, osoo hin mikaa'iin hafaniiru. Haadha warraa saanii Aadde Haannaa Raggaasaa waliinis ijoollee afur kan godhatan Obbo Baqaalaan, bara 2011tti qabamanii mana hiidhaa Ma'akalaawii jedhamutti hidhamuun miseensonni maatii fi abokaatoon illeen akka hin agarreef baatii lamaaf dhorkamanii turan. Dhaaba motummaa Itoophiyaatiin balaaleeffame Adda Bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabda jechuun hidhaan waggaa saddeettiii itti murtaa'e. Ol iyyannoo Mana Murtii Olaanaatti taasisaniinis, adabbiin isaanii gara waggaa sadii fi baatii torbaatti gadi bu'eef. Bara 2012ttis Sochii Dimokraatawa Federaalawaa Oromoo (OFDM) fi Kongirasii Ummata Oromoo (OPC) walitti makamuun Kongirasii Fadaraalawaa Oromoo (OFC)n erga hundaa'een booda, osuma mana hidhaa jiranuu Obbo Baqalaa Ogganaa duree ta'uun mudaman. Obbo Baqaalaan bara 2015tti erga hidhaa itti murtaa'e xumuruun hikamanii, affeerraa daawwannaa isaaniif taasifameen gara Ameerikaa deeman. Wayita Baqala Garbaa gara manaa galanitti haala ture Walgahii Waldaa Qorannoo Oromoo irratti haasawaa seena qabeessa akka taasisan dubbatama. Baruma sana keessas mormiin cimaan wareegama lubbuu hedduu kaffalchiise naannoo Oromiyaa keessatti gaggeefamuu eegale. Kunis mormii maastar pilaanii magaalaa finfinnee fi magaalota Godina addaa naannawa Finfinneetiin kan wal qabate ture. Muddee 2015 ammoo Obbo Baqaalaa dabalatee namoota 21 mormicha kakaasuu fi dhaaba shororkeessaa jedhaman waliin hidhata qabdu jedhamuun qabamanii hidhaman. Mana hidhaa garaa garaa keessatti dararamni cimaan erga irra gahaa tureen booda bara 2016 Ebla keessa himannaan shororkeessummaa irratti baname. Adoolessa bara 2017 ammoo himannaan shororkessuummaa gara himata yakkaatti geeddarame. Haa ta'u malee manni murtii Olaanaa mirga wabii diduun akka turu taasifaman. Jalqaba bara 2018 kaasee rakkina fayyaa isaan mudateef waldhaansa foyya'aa akka argataniif dhiibbaan karaa garaa garaatiin taasifamaa ture. Haa ta'u malee manni murtii 'dhaddacha jeeqxanii jirtu' jechuun al lama addabbii hidhaa ji'a jahaa jahaa itti murteesse. Guraandhala 12, 2018 motummaan himannaa isaanii kaasuu ifa taasise. Borumtaa isaaa guyyaa Kibxataa Guraandhala 13, 2018 Obbo Baqaalaa dabalatee namoonni isaan waliin hidhaa keessa turan torba gadi lakkifamaniiru. Kanaafuu, nammoonni hedduun Obbo Baqaalaan hayyuu, goota, abbaa obsaa fi fakkeenya cimina oggantoota siyaasaati jedhu.
44777229
https://www.bbc.com/afaanoromoo/44777229
Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa Addoolessa 17 Asmaraaatti balaliinsa eegaluufi
Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa jalqabaatiin Asmaraatti balali'u barbaaddu? Akkasi taanaan daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa balaliinsa isaa gara Asmaraatti Adoleessa 17, 2018 eegaludhaaf qophiisaa xumuruu beeksise.
Ibsa Waajjirri Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa baase akka mul'iseetti, tajaajilichi xiyyaarawwan teeknoolojii olaanoodhaan guutaman 'Boeing 787' eegalamu kunis balaliinsa guyya guyyaa waggoottan 20 darbaniif adda citee ture kan eegalchiisudha. Sagantaa balalinsaatiinis xiyyaarri yeroo tokkoon namoota 150 ol qabatu ramadamu barameera. Kana keessaayis tessumni gara 20tti siquuf imaltoonni galmaa'nsaanii barameera. Tajaajilli Daandii Xiyyaara kunis waliigaltee ministira mummee Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad fi Pirezidaantii Eertiraa Isaayaas Afawarqii jidduutti jalqaba torban kanaa taasifameen kan walqabate ta'uu ibsameera. Hogganaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawelde Gabremaariyaam waa'ee balaliinsa eegalu ilaalchisuun, ''Daawwannaa ministira mummee Eertiraatiin booda, nutis warri garee daandii qilleensa Itoophiyaa sagantaa balaliinsaa keenyaa waggoota 20'n booda deebiifnee yoo eegallu gammachuu olaanaatu nutti dhagahama,'' jedhaniiru. Tajaajilli daandii Xiyyaara eegaluun isaas walumaagalatti walitti dhufeenya siyaas-dinagdee uummata biyyoota lamaanii jidduu cimsuuf gahee olaanaa taphatas jedhaniiru, Obbo Tawelden. Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa wayita ammaa kanatti iddoowwan idil addunyaa 114 oli aardiiwwan shan keessatti argamanitti balali'aa jira. Tajaajilli balaliinsaa Asmaraatti eegaluun hawaasa diyaasporaa Eertiraa addunyaa mara keessa jiraniif carraawwan walitti dhufuu uumuun invastimantii, daldalaafi turizimii gara Eertiraatti dabaluu danda'a jedhu Obbo Tawelden. Hatattamaanis tajaajilawwan balaliinsaa baay'ee eegaluufi gabaa biyyoota obboloota lamaan jidduu jiraachu malu ilaaluun ammoo tajaajila kaargoo eegaluuf karorfameera jedhaniiru.
oduu-55571441
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55571441
Daangaa Itoophiyaafi Sudaan: 'Daangaa duraaniitti deebinee rakkoo jiru nagaan furuu qabna'- Mootummaa Itoophiyaa
Dhimmi daangaa Sudaaniifi Itoopiyaa waldhabsiise karaa nagaan akka furamu gochuun fedha mootummaa Itoopiyaa ta'uu dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himan.
Lola mootummaa Fedelaafi humnoota TPLF Sadaasa 3 eegalame hordofee humni waraanaa Sudaan lafa daangaa Itoophiyaa qabachuun hariiroo Itoophiyaafi Sudaan sana dura haala gaariirra ture yaaddoo keessa galcheera. Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaatti dubbii himaa kan ta'an Ambaasaaddar Diinaa Muftii turtii BBC waliin taasisaniin, loltoonni Sudaan lafa daangaa Itoophiyaa keessa jiru qabachuufi qonnaan bultootarraan miidhaa geessisuun ''fedha mootummaa Sudaan mitii'' jedhu. Waldhibdee kana keessa aanga'oonni olaanoon Sudaan muraasni fedha qabaachuu akka danda'an himanii, harka hedduu garuu ''qaama birootu duuba jiraa'' jedhan. ''Seeraan ala warra kana dhiibutu jira jennee amanna. Duubaan Itoophiyaafi Suudaan, Itoophiyaafi biyyoota hollaashee gidduu warra dhara hojjetutu jira,'' kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, qaama kana maqaan hin ibsine. Daangaan Sudaaniifi Itoophiyaan irratti waliigalanii hanga ammaa turan waliigaltee bara 1902'tti raawwatameen ta'uu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, bara 1972 mootummoonni lameen daangaa kana seeraan sararuuf waliigalaniis hanga amma akka hin rawwanne himan. Mootummaan Itoophiyaa Sadaasa darbe naannoo Tigraayitti 'olaantummaa seeraa kabaachiisuuf' duuluu isaa akka carraatti fayyadamuun lafa Itoophiyaa qabachuun qonnaan butootarratti miidhaan gaheera jedhan. ''Gochi kun seeraan ala. Walitti dhufeenya yeroo dheeraa biyyoota lamaanii gaarii tureen faallaadha jennee mootummaa Sudaan waliin mariyachaa jirra'' jedhan. Mootummaa isaanii keessatti rakkoo kanatti fayyadamanii seeraan ala lafa Itoophiyaa qabachuuf wanti godhamu sirrii akka hin taane itti himameeras jedhan. Itoophiyaan yaada loltoonni Sudaan lafa Itoophiyaa seeraan ala to'atan kana gadhiisanii rakkoo daangaarra jiru karaa nagaa furuuf dhiyeessiteef faara gaarii agarsiisaa akka hin jirree miidiyaaleen Sudaan gabaasaa jiru. Yaadni kun fudhatama argachaa kan hin jirre ta'u ilaalchisee, ''warri didaa jiru fedhii uummata Sudaan kan tajaajilan miti, wanta Sudaan miidhudhaa,'' jedhan Ambaasaaddar Diinaan. Naannoo daangaa amma humni Sudaan to'atetti dhukaasni adeemaa jiramoo dhaabateera kan jedhurratti aanga'aan kun ragaa akka hin qabne himan. Sudaan guyyaa sadii dura dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaarratti marii Gamtaan Afrikaa qindeessu irratti hirmaachuu dhiistee komii dhageessiftee ture. Sababni hin argamneef qindeessitoota marii kanaa kan Gamtaa Afrikaa waliin addatti mariyachuuf feete argachuu waan dhabdeefiidha jedhan Ambaasaaddar Diinaan. Sanada haaraa qophaaye Sudaaniifi Itoophiyaan fudhatanii Masriin diduun ishee ni yaadatama. Mariin kun Sanbata dhufu akka itti fufu beellamni qabamuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru. Ka'umsi walitti bu'iinsa miilanaa lafa daangaa biyyooti lamaan irratti wal falman al-Fashagaa jedhamu Kaaba-Lixa Itoophiyaatti naannoo Amaaraafi naannoo Sudaan Gadareef jedhamu jidduutti argamudha.
oduu-44960460
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44960460
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Yunaayitid Isteet daawwachuufi
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad hawaasa diyaaspooraa Ameerikaa Kaabaa jiraatan waliin mari'achuuf har'a garas imalu.
Ministira Muummee Abiy Ahimad Imalli kunis 'Imala tokkoomuu' kan jedhame wayita tahu, mataduree 'Dallaa diiguun, Riqicha haa ijaarru' jedhuun taasifama. Magaalota gurguddoo lammiileen Itoophiyaa keessa jiraatan Waashingitan DC, Loos Anjalas fi Minisootaas ni daawwatu. Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dabalatee kaaniis isaan waliin ni imalu. Hoggantuun Dhaabbata Oromo Advocacy Alliance jedhamuufi mirga namoomaa Oromoo falmu Aadde Seenaa Jimjimoo kana dura warri mootummaa Itoophiyaa hogganan yeroo as dhufan arrabsamaa, salphataafi reebamaa turan. ''Amma akkuma dhageenyu jijjiiramni dhufaa jiraa, namni keenya yeroo jalqabaaf sagalee Abiy fi pirezidantii mootummaa naannoo Oromiyaa Lammaaa Magarsaa dhagahuuf dheebotee jira.'' Gaaffiiwwan Keessumaa jedhan Aadde Seenaan warri biyya alaa jirru jijjiirama dhugaa barbaannaa. Ammallee namootni du'aa jiru, namootni kana dura ummata dararaa turan seeratti dhiyaachuu akka qaban faa gaaffii dhiyeessina jedhan. Dabalataanis, seera wixinee mootummaa Ameerikaa irratti dhiibbaa taasisuun akka raggaasifamu gochuu isaanii himu. Wixinee seeraa biraa gara bakka bu'oota ummata Ameerikaa hin ergin akkamittiin jijjiirama amma jiruu deeggaruu dandeenya isa jedhu irratti Ministira Muummee wajjiin marii gochuuf karoorsineerra jedhu. Dura taa'aa hawaasa Oromoo Miinisootaa kan ta'an Obbo Tashitaa Waaqoos Ministirri Muummee gaaffii keenya dhagahanii Miinisootaa daawwachuuf dhufuu isaanitti baayyee gammannee jedhan. Jijjiiramni isaan biyya keessatti isaan fidaa jiran fakkeenya akka ta'uuf simannaa isaaniif asitti qophiin xumuramee jira jedhu Obbo Tashitaan. ''Oromoo miiliyoona tokko tahu naannoo Sumaalee irraa buqqa'ee jiruuf furmaanni kennamu maal akka tahe? Yeroon yeroo dhiifamati gaafa jennu dhiifama haqa irratti hundaa 'e tahuu waan qabuuf dargaggoota waggaa sadii keessatti dhumachuun maaliif akka tahe gara fuulduraa akka irra hin deebi'amne waan godhamuu,'' gaafanna jedhan. Kana malees, guyyaa kibxataa marii Obbo Lammaa Magarsaa wajjiin adeemsifamuun dhalattoonni naannoo Oromiyaa akkamittiin diinagdee irratti qooda fudhachuun naannoosaanii guddisuu danda'u waan jedhu irratti marii'anna jedhaniiru. Qindeessaa garee simannaa Magaalaa Waashingitan DC kan ta'e Solomoon Kaabtiimar immoo qophichi kan yeroo kamiyyuu ni caala akka hawwataa ta'u qophoofneerra jedhan. Dabalataanis, sagantaa kanaaf namoonni Waashingitan qofa osoo hin taane isteetiiwwan biroodhaallee imalaa jiraachuu himaniiru. ''Biyya gosaafi sabaan qoodanii bulchuu kuni ni dhaabbata moo itti fufa?'' gaaffii jedhu dabalatee dhimma alaabaa ilaalchisee illee namootni waan hubannoo irratti argachuu barbaadan irratti yaada dhiyeessu jedheen yaada jedhu obbo Solomoon.
oduu-53781928
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53781928
Koroonaavaayiras Afriikaatti: Kalaqawwan 10 Covid-19 ittisuuf kalaqaman
Afriikaatti wayita namoonni dhibee Covid-19’n qabaman miiliyoona tokko darbe kanatti, lammiileen ardittii weerara kana ittisuuf akka gargaaruuf kalaqa garagaraa gumaachaniiru. Isaan keessaa 10 filanneerra. 1. 'Dooktara Konkolaataa'
Barattoonni Senegaal Pooliiteekniikii Daakaaritti baratan roobootii dhukkubsattoota irraa hanga ogeessotaatti saxilamummaa xiqqeessuuf gargaaruun tajaajila garagaraa kennitu hojjatanii turani. Kaameeraa kan qabdu yoo ta’u, fagoodhaa aappiidhaan to’atamti. Kutaa namoonni adda baafaman keessa naanna’uun ho’ina safaruu irraa kaasee, qorichaaf bishaan kennuullee dandeessi jedhu kalaqxoonni. 2. Maashina harka ittiin dhiqatan Lammii ganna sagalii Isteefan Waamukootaadhaan kan kalaqame maashinni kun, tuttuqqaa malee karka dhiqachiisuu danda’a. Isteefan Waabajjii keessa pirezidantiirraa badhaasa fudhateera. 3. Viintileetara sochoo’u Naayijeeriyaatti hanqinni veentileetaraa wayita jirutti ture barataan injinariingii ganna 20 Usmaan Daalhaatuu rakkoo kanaaf waa gumaacheera. Veentileetara sochoo’aa kana kan kalaqe Usmaan, lakkoofsasaa 20’n ga’uuf karoora qaba. 4. Maxxansa Maaskii ‘3D’ Naataalii Raafiil hundeessituu ‘Robots Can Think South Africa’ yoo taatu, maxxansa 3D fayyadamuun maaskii 100 guyyaatti omishtee hoospitaalota Johaanisbargiif kenniti. 5. Bakka dhiqannaa annisaa aduun hojjatu Obbolaa kan ta’an Riichaardi Kiwaarteengi fi Juudee Ooseeyi eegumsa qulqullina guddisuun dhibee kana ittisuuf Gaanaa yaalii taasifamuuf akka ta’uuf kan kalaqan yoo ta’u, namni dhiqachuuf harka yoo galchu bishaan saamunaan makate buusee sekondii 25 booda dhaaba. Kunis qajeelfama WHO kan eegedha. 6. Marsariitii bu’aa qorannoo ‘X-ray’ qoonqoo madaalu Injinaroonni Tuniziyaa marsariitii qorannoo qoonqoo yoo namni koroonaavaayiras qabaate adda baasuuf kaafamu itti fe’uun ittiin ilaalan kalaqani. Yeroo suuraan X-ray sun itti fe’amu, yoo namni sun vaayirasicha qabaate iskaan gochuun mul’isa. Dhaabbanni teeknooloojiiwwan akkasii madaalus kalaqni kun %90 bu’aa sirrii mul’isa jedheera. Teeknooloojichi ammallee fooyya’aa kan jiru ta’us, amma yoonaatti qorannoon qoonqoo kumaatamni itti fe’amuun dhiibbaa dhibeen kun qabu qoratamaa jira. 7. Poolisiiwwan roobootii Anga’oonni Tuniiziyaa wayita magaalonni cufamanii turanitti akka hordoffii taasisaniif poolisiiwwan roobootii daandiitti baasanii turani. Namoota yeroo dhorkametti karaarra deeman basaasuufi itti dhiyaatanii maaliif akka ba’an gaafachuuf oolaa turani. Roobootiiwwan gommaa afur qaban kunneen termaal (ho'insaa) kaameeraa kan qaban yoo ta’u ifa adda baasuufi fageenya eeggachuu danda’u. 8. Saanitaayizarii maallaqaa mukarraa hojjetame Tajaajila maallaqaa karaa bilbila harkaa raawwatu kan biyya Keeniyaa keessa kan hojjetu Danson Wanjohi meeshaa maallaqa vaayirasii irraa qulqulleessu mukarraa hojjete. Maallaqi wayita qaawwaa maashina kanaa keessa darbu saanitaayizaraan qulqullaa’ee lufa. Maashiniin kun mootora, gommaa(pilaastikii) fi geengoo naanna’u kan akka maallaqi keessa darbu gargaaru irraa hojjetame. Maallaqi wayita maashina kana keessa darbu bulbula achi keessa jiruun qulqullaa’ee darba. 9. Meeshaa daqiiqaa 65 keesatti bu’aa qorannoo Covid-19 agarsiisu. Hoji-uumtonni Afriikaa Kibbaa Daniel Ndima fi Dineo Lioma meeshaa qorannoo Covid-19 kan daqiiqaa 65 keessatti bu’aa qorannoo mul’isu hojjetan. Meeshaan kun haga guyyaa sadiitti bu’aa qorannoo Covid-19 mul’isa. Maqaan meeshaa qorannoo kanaa qPCR jedhama. Teekinooloojii qaccee sanyii namaa adda baasuuf tajaajiluudha. Meeshaan qorannoo kun hojiirra ooluunsaan dura bu’a qabeessummaansaa ilaalamuu qaba. 10. Walirraa hiiquun rifeensa sirreessuu Itoophiyaa, Harargee Bahaa keessatti dargaggoonni rifeensa sirreessan mala ittiin balaa tatamsa’ina koronaavaayirasii hir’isuun tajaajila kennan qabatanii as ba’aniiru. Inni rifeensa sirreessu kutaa biraa keessa dhaabbachuun golgamee, akkaataa qaamaan maamilatti hin siqneen tajaajila kenna.
oduu-48173957
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48173957
Afgaanistaan: Taaliibaan waajjira ol aanaa poolisii Afgaanistaan gara Kaabaa jiru haleele
Haleellaa gareen hidhattota Taaliibaan waajjira ol aanaa poolisii Afgaanistaan gara Kaabaa irratti raawwataniin yoo xiqqaate namootni 13 ajjeefaman.
Haleellichi dhohinsa boombiidhaan raawwate Haleellaa boombii badanii balleessuu kana namni raawwataa ture konkolaataa meeshaalee dhohan baattu magaalaa Pul-e-Khumri jedhamtu keessa oofuun ofii hidhatee haleellicha raawwachuu jalqabe. Kana gidduutti humna nageenyaa fi namicha hidhate gidduutti dhukaasni baname. Haleellaan kun erga gareen Taliibaan waamicha waraana dhaabuu mootummaa biyyattii fi Ameerikaan dhaan dhiyaateeef hin fudhadhu jedheeti kan raawwate. Ministirri haajaa biyya keessaa Nasrat Rahimi loltootni Taaliibaan saddet ajjeefamuu ibseera. Namootni 50 ol yoo madaa'an isaan keessaa 20 kan tahan lammiilee siiviliidha. Qondaalli fayyaa Afgaanistaan akka ibsetti daa'imman namoota ajjeefaman keessaatti argamu. Gareen Taaliiban bulchiinsa Islaamaa cimaa biyyichatti ijaaruu barbaadu haleellicha dudduuba akka jiru ibseera. Gareen kun yeroo hedduu humna nageenyaa Afgaanistaan irratti haleellaa kan raawwatu yoo tahu waraana dhaabuufis waliigaluu hin dandeenye. Erga bara 2001 aangoo irraa kaafamee amma isa yeroo kamii iyyuu caalaa daangaa bal'aa qabatee jira. Qondaaltotni akka jedhanitti erga dhohinsi boombii naannoo karra waajjira poolisii olaanaa Afgaanitti raawwatee hidhattootni Taaliibaan gara waajjirichaatti galuun humnoota nageenyaa irratti dhukaasa banan. Hidhattootni kunneen konkolaataa waraanaa irratti boombii hidhuun haleellicha raawwatan. Gareen hidhattotaa kunneen ergamaa addaa Ameerikaa waliin waraana dhaabuuf marii nageenyaa Qataritti gaggeessanii ture. Haa tahu malee garen torban darbe waliigaltee pirezidaantiin Afganistaan Ashraf Ghani fi ergamaan addaa Ameerikaa Zalmay Khalilzad dhiyeessan diiguun haleellaatti deebi'an.
oduu-55400933
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55400933
Mosaajii Israa’el gaazixeessitoota Al Jeziraa hedduu ‘basaasuuf’ oolfame
Gaazixeessitootni Al Jeziraa hedduu mosaajii basaasaa dhaabbanni Israa’eel ‘NSO Group’jedhamu hojjateen basaasamaa akka turan qorattoonni nageeyummaa saayibiirii qoratan himan.
Mosaajii basaasa Israa’el gaazixeessitoota Al Jeziraa hedduu ‘basaasuuf’ oolfame Haleellaan saayibarii kun gaazixeessitoota TV gubbaatti oduu dubbisanii fi hoji-gaggeessitoota dhaabbaticha dabalatee, hojjattoota dhaabbatichaa 36 irratti qiyyafate jedhee akka yaaadu gabaasni dhaabni qorannoo sitizin laab, yunvarsiitiin Torontoo maxxanse kan agarsiisu. Hojjattoota dhaabbaticha basaasuuf mojaasii bilbila Aayifooniitti(iPhone) dhimma bahaniiru jedha gabaasichi. DHaabbanni Israa’el ‘NSO Group’ jedhamu garuu, haleellaa saayibarii kana hin raawwanne,’’ragaa quubsaa kana agarsiisu hin qabani’’jedhee waakkate. Qarattoonni garuu, namoonni haleellaa kana raawwatan lama bilbila moobaayilii gaazixeessitoota Al Jeziraa kan basaasaa turaniif Sa’ud Arabiyaa fi mootummaa Gamtaa Emiretoota Arabaaf(UAE) akka ture himaniiru. Sitizin Laab dhaabbanni jedhamu bilbiilli gaazixeessoota Al Jeziraa basaasama jiraachuu ogeessi qorannoo filmii Al Jeziraa Tamir Almisahal akeekkachise ture. ‘Mosaajii basaasaa Pegasus’ Aab Almisahal bilbillisaa butamuu yaaddoo akka qabu Sitizan Laabitti himuun, gocha bilbila isaarratti raawwatamu akka hordofan erga eeyyamefiin booda irra qaqqabame. Dhaabbatichi bibila Almisahal irratti haleellaan raawwatama akka ture Adolessa 19, bara 2020 hubanneerra jedhe. Dubbi himaan‘NSO Group’ garuu‘’himanichi tilmaamarraa madde, ragaa quubsaa NSO dhimmicha duuba jiraachuu agarsiisu hin qabanii’’jechuun deebisaniiru. Itti dabaluun, dhaabbatichi moosaajii mootummaan yakkoota gurmiin raawwatamanii fi shororkeessummaa akka ittiin qolatuuf akka kennaniif ibsaniiru. ‘NSO Group’ addunyaan tasgabbii akka qabattuuf ‘’dadhabbii malee ni hojjataa’’jedhan. Dubbi himaan dhaabbata Appiil, maamiltoonni isaanii odeeffannoon isaanii akka hin hatamneef moosajii fooyyeeffamee(IOS 14) bilbilasaaniirratti buufatanii akka itti fayyadaman gorsan. ‘’Haleellaan qorannoo gaggeeffame keessatti ibsame kun biyyoonni muraasni namoota dhuunfaa muraasa irratti qiyyaafachuu kan agarsiisu’ jedhan dubbi himaan dhaabbata Appiil. BBC’n dhimma kanarratti yaadasaanii akka kennaniif Al Jeziraa fi imbaasii Sa’ud Arabiyaa Landanitti argamu haasofsiisee ture.
oduu-47278352
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47278352
Atileet Saamu'el Tafarraa: 'Anuu Yoomiif ni injifata jedhee eegeen ture'
Atileet Saamu'el Tafarraan dheengadda gaafa Sanbataa fiigicha mana keessaa Barmingihaam'tti taasifame riikardii addunyaa waggaa 22 ture cabsuun irra aane.
Atileet Saamu'el kilabii seenee waggaa sadiitti milkaa'uu danda'e Shaampiyoonaan fiigicha mana keessaa 1,500m Saamu'el riikardii atileetii Morokoo Hishaam El Garuuj 3:31:18 fiiguun bara 1997 galmeessise cabseera. Atileetin fiigicha mana keessaa barana mo'ame hin beekneefi ni injifata jedhame eegame ture, Yoomiif Qajeelchaa immoo 3:31:58 galmeessuun yeroo saffisaa ofif galmesseera. Adamsoon riikardii atileetii Morokoo cabsuuf Yoomiif taasisaa ture isaan ta'u baatus garuu milkaa'ina horateera. Yeroo Saamu'el itti xumure 3:31:04 yeroo tahu yeroo sakandii tokko gadiin foyyeesse jechuudha. ''Ani baay'ee natti tole. Nan gammade. Gammachuunkoo hammana jedhame ibsamuu hin danda'u,'' jechuun BBC'tti dubbateera. 'Cabsuuf hin karoorfanne' Yoomiif riikardii atileetii Morookoo waggoota 20 olif turan gidduu kana adamsuuf jechuun isaa riikardiin haaraa akka galmaa'u gumaateera. Yoomiif riikardii addunyaa cabsuuf karoorfate malee Saamu'el yaada kana hinqabu ture. ''Ani rikardii addunyaa nan cabsa jedhee karoorfadhee hin deemne. Dorgomuufu yaada hin qabu ture,'' jechuun BBC'f himeera. ''Dhiibbaa akkamiitiin gara dorgommii kanatti seene malee yaada koo keessa wanti akkasi hin jiru gargaarsuma Waaqaati. '' Riikardiin atileetin kuni cabse umurii isaa oli. Atileetin umurii 19 osoo hin dhalatin dura riikardii addunyaa galmaa'e ture cabse ''mo'uu isaaf dolaara Ameerikaa 3000, riikardii cabsuu isaaf immoo dolaara 30,000 akka badhaafame,'' BBC'tti himeera. Saamu'el bara darbe waldorgommiidhuma amma itti riikardii cabse mo'ate achuma Barmingihaamitti shaampiyoonaa addunyaa ta'ee ture. Egaa waggaa booda riikardii addunyaa waggaa 22 ture cabsuu kan danda'e. Riikardii waggaa 22 dura bara 1997 atileeti Morookoo Hishaam El Gaarujin Istutgaartitti galmaa'e cabse Riikardii addunyaa yeroo jalqabaaf irra-aanuun isaa akkana irra-aanuun isaa milkaa'ina biraaf akka isa kakaasuufi atileetota ol adeemaaf fiigicha fagenya gabaabaan fageenya akka isa godhatan yaada qaba. 'Anu Yoomiif eegeen ture' Torban dura Yoomiif Niw Yoorkitti fageenya maayilii tokko kan riikardiin atileetii Morokoo Hishaam El Garuujin qabame ture dorgome mo'atus maayikiroo sakandii tokkoof jedhe riikardii addunyaa osoo hin cabsin hafeera. Sababa kanaaf dorgommii kana dura xiyyeeffannoon guddaa atileet Yoomiif Qajeelchaarra ture. Saamu'elis kanuma yaadaa ture. ''Anis eegeen ture isa. Garuu, Yoomiifis morkataa cimaa akkan ta'u of amansiise kaniin seene,'' jedha Saamu'el. Dorgommiin torban darbe kan Yoomiif itti milkaa'u dhabe garuu hiriyyaa isaa Saamu'elis gaddisiseera. ''Anattiyyuu baay'ee natti dhagahame ture. Yoomiif maayikiroo sakandii tokkoof jalaa hafun isaa baay'ee na gaddisiise. Rikardiin haaraa cabuu danda'aa? Atileet Yoomiif Qajeelchaa ammallee riikardiin kuni fiigicha mana keessaa kan 1,500m fooyya'u danda'a yaada jedhu qaba. Abbaan riikardii addunyaa galmeessise saamu'elis yaada kanaan walii gala. ''Morkataan cimaa yoo jiraate, xiiqiidhaan mo'uf kan deemu yoo jiraate, kan nama fiigsisu (pacemaker) seeraa yoo jiraate hin caba,'' jechuun himeera. Riikardii dura garuu Saamu'el Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa baatii Waxabajjii Dohaa taasifamu irratti biyyaaf qabxii galmeessisuuf yaada qaba. Saamu'el eenyu?
oduu-47634889
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47634889
Ajjeechaa Niiw Ziilaand: 'Ani akka lammata dhaladhettiin yaada'
Ajjeechaa Jimaata darbe biyya Niiw Ziilaand magaalaa Kiraayisticharch hordoftoota amantaa Islaamaa irratti raawwaten namoonni 50 ajjeefamaniiru.
Obbo Abdulqaadir erga Niiw Ziilaand jiraachuu eegalani waggaa 9 ta'uf akka deemu himu Ajjeechaa kana lammiin Awustiraaliyaa fesbuukiidhaan kallattiin dabarsaa kan raawwate yoo ta'u mudannoo adduunyaa guutuu gaddisisedha. Masjiida lama keessatti ture ajjeechaan kan raawwate. Tokko keessatti 40 isa hafetti ammoo 10'tu ajjeefame. Bakka namoonni 40 ajjeefaman sana lammiin Itoophiyaa lubbuun hafe tokko tureera. Obbo Abdulqaadir Abbaa Booraa jedhamu. Abbaa ijoollee sadiiti. Erga garas barumsaaf jedhani deemanii waggoota sagala ta'uf akka deemu dubbatu. Waan gaafas mudate mara ofii isaanii akkanaan tarreessu. Salaataaf deemnee waaree boodaa toora sa'aatii 7:40 osoo masjiida teenyuu dhukaasni karaa duuba keenya eegale. Nutimmoo rasaasa hin seene. Waan elektirikiin xaaxa'u nutti fakkaate. Osoo eegnu ibidda rasaasaa argine. Booda namni fiige bahu jalqabe. Namni toora 200 ykn 250 ta'u masjiida keessa ture. Kaan foddaadhaan bahani. Kan fiigee bahe bahe, kaa hafne nama gara 50 ni taana. Keessaa nama afurtama bakka tokkotti ajjeese. Kana hunda keessaa anaafi imaamticha osoo hin tuqamin lubbuudhaan baane. Lubbuu du'a oolte Ani tarree duraanirran ture. Baqachuuf hin dandeenye. Nan fiiga jedhe alan ilaalu balbalarra nama 100 wayi jira. Achi yoon deemes du'uudha. Kan du'unkoo hin hafne asuma taa'ee du'arra jedhen bakkuma taa'u nan rafe. Shalfii ykn madardaraa Quraanaa irra kaa'amu isaa harkiseetin ifirraan darbe. Shalfii jala akkuma nama du'e hafuura kute nan ciise. Garuu, Rabbumaan na hambisekaa malee jidduu ka jiranu bitaa mirgaan nam tokko hin hafne. Hunduma ajjeese. Abbaan ajjeese isuma Televizhinii irra mul'atedha. Ijaan argeera. Inni na hin argu ani nan arga. Poolisiin dhukaasni daqiiqaa 10'f ture jedha garuu 15 ta'u danda'a. Namichi dhukaasu karaa duubaa dhufe. Bakka Imaamni dhaabbatu balballi hin jiru. Karaan duubaa itti seennu ammoo koridarii wayiiti. Gaafa Juma'aa namni baay'ee waan dhufu bakki waan hin geenyeef namni koridariirra taa'a. Achumarraa balbalumarraa jalqabe dhukaasuu eegale. Namni biraa lubbuun hafan Imaamtichi bakka dhaabatanu achuma taa'ani dhokatani lubbuun hafan. Yaaddoo yeroo dhokatanii Dhugaa Rabbii nan nahe. Edaa namni akkanatti du'aa jedheen yaade. Hanguma kanaa lubbuun tiyyaa jedheetin yaade. Booddee daqiiqaa yeroo dheerattu abdiin kute. Haadha warraa tiyya, ijoollee tiyya al takkaa yaadeen imimmaan narra yaa'e. Booddee egaa abdiin kute. Kadhaadhuma rabbiittiin seene egaa maalan godha. Lammiiwwan Itoophiyaa miidhaman Kan du'an hin jiran. Ijoollee lama tokko Baahirdaarirraa tokko ammoo Gondarirraa kan dhufan miidhamanii hospitaala jiru. Inni tokko laphee isaarra dhahame sombi isaayyuu xuqameera. Inni tokko ammoo miila isaatu cabe. Haati warraa kiyya erga deessee torban lamadha. Ijoolleenis mana barumsaa waan turaniif masjiida fuudhee hin deemne ture. Gammachuu lubbuun hafu Ani amma akkuma reefu dhaladheettan yaada. Carraan jireneyaa akka haarawaatti natti kenname malee an silaa du'eera. Akkuma nama hirriba keessaa dammaqu iyyeen ka'e. Dhiigni ilma namaa akkuma bishaan lagaa yaa'a. Namni namarra tuulame kan du'e maal jetta waan haasa'amu miti. Waan akkanaa lubbuu kiyyaan argee hin beeku. Namni dhukaasa harkatti fashalsu akkamitti dhibe? Namtichi leenjii cimaa qaba. Namoonni lama qabu yaalani turan. Garuu, dhaheetuma lafarra darbee isa tokko hin ajjeese inni tokko fiigee bade. Kan hafne ammoo hin dandeenye. Badaa rakkisaadha. Namoota du'ani ijaan arge keessaa daa'ima waggaa 2, 3, 7, 14 dabalatee dubartoota, jaarsota umurii 74, 77 fa'i jiru. Inni ajjeechaa kana raawwatu jibba baqattootaa qaba. Olaantummaa namoota adiitti yaada. Nu biraa 40 ajjeese masjiida biraa 6km ka fagaatu dhaqe 10 ajjeese. Ajeechaa booda poolisoonni dhufani. Booda walumaan nu qabani hospitaala nu geessani. Anaan nama taaksii oofu tokkotu na arge mana na geese. Haatiwarraa koo yeroon mana gahu dhageesseetti. Alaan mana gahu hin boossi. Egaa hanga ammaa homaa waan tokko hin rafu. Sammuun koos sirrii hojjetaa hin jiru. Gorsa ogeessota fayyaa hin arganne. Hospitaala dhaqeen ture garuu isaaniis ko'oomanii jennaan rakkisuu hin barbaanne. Garuu hundumtu dhufanii nu dubbisaa jiru. Wanuma danda'anin nu gargaaraa jiru. [afuura dheeraa] badaa rakkisaadha. Ergasii hojiis masjiidas hin dhaqne. Masjiidni caccabeera. Salaata Jimaataa (boru) masjiida fuuldura paarkii tokkotu jira. Achi salaanna jedhameera. Namni meeqa akka dhufu hin beeku. Namni sodaa keessa jira. Bakkatti deebisuuf yeroo dheeraa fudhata. Wanti dhukaasa rasaasaa arge sammuutti na dhufa. Warra du'an sanatu sammuutti na dhufa. Dhiiga gaafas argetu natti dhufa. Badaa rakkisaadha. Ummanni haalaan gaariidha Warri biyya kanaa namoota gaariidha. Hanguma danda'anin nu gargaaraa jiru. Kaardii waan itti binnus nuuf kennu. Rabbi galata isaanii haa deebisu egaa maal goona. Akkuma biyyaa namuma nu hin beeknetu dhufe nu gaafataa jira. Waajjiraalee garaa garaa gargaarsa hanga ammaa argame hin beekne nu gargaaraa jiru. Badaa nama gammachiisa.
oduu-56364800
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56364800
Filannoo Itoophiyaa 2021: 'ABO fi KFOn boordichaan hin dhiibamne’ - Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa
Boordin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n filannoo keessaa akka ba'aniif boordichaan hin dhiibamne jedhe.
Boordichi kana kan jedhe galmee kaadhimamtootaa xummuramee fi dhimmoota biroo irratti miidiyaalef Kamisa ibsa yeroo kennettidha. ABO fi KFOn gama isaaniitiin filannoo biyyaalessaa ja'affaa irratti hirmaachuuf fedhii akka qabanii fi qophiillee taasisaa turuu himuun, waajjiraaleen cufamuu, aanga'oonniifi miseensonni isaanii hidhamuu, akkasumas dirreen siyaasaa dhiphateera jechuun himataa turaniiru. Miidiyaaleef ibsa kan kennan walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa paartileen siyaasaa 47 kaadhimamtoota 8,209 galmeessisuu dubbatan. Lakkoofsi kaadhimamtootaa kunis ragaa isa dhumaa akka hin taane, haata’u malee lakkoofsi paartilee siyaasaa garuu kana booda kan hin jijjiramne ta’uu himaniiru. Kana malees, kaadhimamtootni dhuunfaadhaan dorgoman 125 akka galmaa’anis dubbatan. Galmeen kaadhimamtootaa kun naannoo Tigraayin alatti naannolee biroo hunda keessatti, akkasumas magaalawwan Finfinnee fi Dirree Dhawaa keessatti waliigala naannolee filannoo 673 irratti adeemsifamuusaa ibsi boordichaa himeera. Paartilee 47 keessaa kunneen lakkoofsa kaadhimamtootaa olaanaa galmeessisan Paartii Badhaadhinaa kaadhimamtoota 2,432, IZEMA kaadhimamtoota 1,385 fi Innaat Paartii kaadhimamtoota 573 dha. Paartiin Badhaadhinaa Filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaa kanaaf Ministiraa Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) magaalaa Aggaarootti kaadhimamaa taasisuun dhiyeessuusaa FBCn gabaaseera. Dhimma ABO fi KFO... Addi Bilisummaa Oromoo ABO fi Koongirasiin Federaalawaa Oromoo KFO filannoo biyyaalessaa jahaffaa keessaa “dhiibamnee baanerra” jechuun filannicharratti akka hin hirmaanne beeksisaniiru. Ragaa galmee kaadhimamtootaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa har’aa irratti miidiyaalef kenne irratti raabse keessattis maqaan isaanii hin jiru. Dhimma filannoo keessaa bahu paartilee lamaanii kan gaafataman walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa “gara adeemsa galmee kaadhimamtootaatti osoo hin seenin dura rakkoo paartilee siyaasaa mudatan paartilee siyaasaa akka gareettiifi dhuunfaadhaan argannee furuudhaaf yaallee jirra,” jedhan. “KFOn haldureewwan shan yookin jaha ta’an kaa’un yoo isaan guuttaman malee filannoo keessa hin seenu jechuun ibsa yeroo baasu boordii filannoos qaqqabeera. Boordin filannoo akka bulchaa filannootti bifa sanaan hin hojjetu. Tokko tokkos nun ilaallatan. Tokko tokko immoo dhugaa dubbachuuf akkamiin akka deebi’an hin beeknu. Kallattiin hojii boordii filannoo walin waan walqabatu hin qabu” jedhan. Dhimma cufamuu waajjiraalen walqabatee iddoowwan waajjiraaleen itti cufaman paartileen odeeffannoo akka laatan gaafatamanii, haata’u malee paartileen lamaan maqaa iddoowwan waajjiraaleen isaanii itti jalaa cufaman akka hin dhiyeessine himan. “Paartileen hundi adeemsicha keessatti hirmaannaa gaarii akka qabaatan taasisuun dirqamaafi itti gaafatama boordii filannooti,” kan jedhan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa paartileen lamaan boordichaan akka filannoo keessaa akka hin dhiibamne himan. Dabalataan paartileen lamaan hirmaachuu dhiisunsaanii kan gaddisiisu ta’uu himuun rakkoon sababa kanaan mudachuu danda’u ni jiraata jedhanii wanti qophaa’aan akka hin jirres waliti qabduun boordichaa himaniiru. Rakkoolee adeemsa galmee kaadhimamtootaa keessatti mudatan... Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa galmee kaadhimamtootaa keessatti rakkoon tumsa geejiba meeshaalee filannoo isa mudachuu himeera. Kana malees naannoo Oromiyaa godinaalee Wallagga afran fi naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal keessatti "iddoowwan walitti bu'iinsi itti turetti sochiin meeshalee fi qophiin adda ta'e barbaachisuu isaatin galmeen kaadhimamtootaa yeroo fudhateera" jedheera. Godinaalee Wallagga afran keessatti sababa yaaddoo nageenyaan galmeen kaadhimamtootaa godinaalee Oromiyaa kaan irraa barfatee akka adeemsifame kan himan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa, iddoowwan kunneenitti ammallee yaaddoon nageenyaa akka jiru eeran. Haata'u malee, galmeen kaadhimamtootaa godinaalee kunneen keessatti bifa guutuu ta'een adeemsifamuusaa himaniiru. Gama biraatin iddoowwan kaadhimamtootni filannoo itti hidhaman jiraachuu kan himan walitti qabduun boordichaa akka fakkeenyaatti naannoo Benishaangul Gumuz magaala Asoosaafi naannoo Hararii keessatti kaadhimamtootni ABN lama fi miseensootni sadi hidhamanii akka turefi hiikkamuu isaanii dubbatan. Mootummaa naannoo Saba, Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa iddoo Masqaan jedhamutti kaadhimamtootni dhuunfaa lama hidhamanii akka jiran himan. Dhimma kana mootummaa naannichaa beeksisuu isaaniifi akka hiikkamanif hojjechaa akka jiran himaniiru.
oduu-54899798
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54899798
Lola Tigraay: Namootni 6000 ol lola Tigraay baqachuun Sudaan galan
Lammileen Itoophiyaa kuma jahaa ol ta'an waraana mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay gidduutti adeemaa jiru dheessuun daangaa ce'uun Sudaanitti baqachuu aanga'ootni biyyattii himan.
Tajaajilli Oduu Sudaan (SUNA) namootni waraana kana baqatan naannoo biyyattii Al-Qadaariif jedhamutti baqachaa akka jiran jiraattotaa fi aanga'oota naannichaa waabeffachuun gabaaseera. Lakkoofsi namoota baqachaa jiranii dabalaa waan jiruuf aanga'ootni naannichaa komishinii baqattootaa Sudaan waliin ta'uun bakka qubannaa fi deeggarsa barbaachisu qopheessa akka jiraniis SUNAn gabaaseera. Aanga'ootni Sudaan guyyoota dhufan keessatti lakkoofsi namoota daangaa ce'uun gara Sudaanitti baqatanii hanga namoota 200,000 gahuu akka malu tilmaamuun qophii gochaa jiru. Waa'ee namoota lola kanaan qe'eerraa buqqa'anii ilaalchisee mootummaan federaalaas ta'e mootummaan naannoo Tigraay amma dura waan jedhan hin qabani. Dhaabbanni biyyoota gamtoomanii namoonni hanga miliyoona 9 balaa qe'eerraa buqqa'uuf saaxilamuu malu jedheera. Hoggantoonni fi dhaabbileen addunyaa gara garaa qaamoleen lamaan lola dhaabanii gara mariitti deebi'uun rakkoo uumame karaa nagaa akka furan dhiibbaa gochaa jiru. Mootummaan federaalaa mariif qophii akka hin taane himaa turullee ammatti haal-dureewwan mariif barbaachisu jedhe kaa'eera. Koree labsii yeroo muddamaa mootummana federalaa Tigraayitti labsameef dubbii himaa kan ta'an Obbo Reedwaan Huseen mootummaa federaalaa fi aanga'oota naannoo Tigraay gidduutti marii gaggeessuuf haal-dureewwan kaahaniiru. ''Meeshaaleen waraanaa loltootni TPLF saaman yoo mancaafaman, namootni harka loltoota TPLF jiran yoo gadhiifamanii fi kanneen raayyaa ittisa biyyaa haleeluu keessatti qoda qaban seeratti yoo dhiyaatan'' mariif carraan jiraachuu akka danda'u ibsan. Miidhaan lubbuu namaarra gahe hangam? Waraanni humnooti mootummaa feederalaa fi kan naannoo Amaaraa waliin ta'uun humna addaa fi milishaa naannoo Tigraay waliin itti jiran erga eegalee torbeen tokko darbee jira. Hanga ammaatti lola kanaan lubbuu namaa darbes ta'e miidhaa dhaqqabe qulqulleesanii beekuun rakkisaadha. Haata'u malee gara lamaaniinuu namootni dhibbootaan lakkaawaman du'uun dhagaahamaa jira. Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa amma yoonatti hidhattoota Tigraay 550 ajjese jedheera. Mootummaan naannoo Tigraay lakkoofsa namoota ajjeefaman jedhamee irratti yaada hin kennine. Gama humnoota mootummaa federaalaanis loltootni hedduun ajjeefamuu hoogganoonni raayyaa ittisa biyyaa himaa jiru. MIseensota milishaa naannoo Amaaraa lola humna addaa Tigraayiif wayita deeman, naannoo Amaaraa bakka Saanjaa jedhamutti Sadaasa 09, 2020 kaafame Guyyoota jalqabaa humnoonni naannoo Tigraay halellaa Izii Kaabaarratti bananiin loltootni osoo hin qophaayiin haleellaan irra gahe haala sukkaneessaan ajjeefamuu himu hogganoonni kunneen. Poolisiin federaalaa namootni waraanaa 17 kan hooggantoota olaanoo of keessaa qabuu fi Iziin Kaabaa akka haleelamu shiraa turan to'annoo jala oolaniiru jedheera. Qaamoleen kun sirna kominikeeshinii danquun walaasofni ajajoota fi waraanaa biyyattii gidduu akka hin jiraanne godhaniiru jedha ibsichi. Pireezidantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramik'aeel(PhD) ibsa Kibxata kennaniin mootummaan federaalaa baadiyyaattis magaalattis haleellaa xiyyaara waraanaan naannicha keessatti raawwatamaa akka jiru ibsaniiru. Haleellaa kanaan mootummaan addatti bakka kuusaa meeshaa waraanaa fi boba'aa rukuchaa akka jiru ibsa. Ibsa mootummaa federalaa irraas ta'e hooggantootni naannoo Tigraay kennaa jiran irraa garuu hanga ammaatti miidhaan haleellaa qilleensaan lubbuu namaarra qaqqabe jiraachuun hin ibsamne. Raayyaan Ittisa biyya naannolee haaraa to'ate Ajajaan Kutaa waraana Kaaaba meejar jeneraal Balaay Siyyum Kibxata kaleessaa miidiyaalee biyya keessaatti akka dubbatanitti Raayyaan ittisaa Itoophiyaa iddoo magaalaa Daanshaatti dabalataan iddoo Tirkaan jedhamuu fi buufata xiyyaaraa Humaraa to’ateera. Waraanni isaanii miseensota humna addaa naannoo Tigraay 29 fi miseensota milishaa biroos to’achuu ibsa kaleessaa Raayyaan Ittisa Biyyaa keennen himeera. Gabaasichi akka eerutti, dirree lolarratti hidhattoota kanarraa meeshaaleen waraanaa hedduun fuudhamuun kaan ammoo barbadeessuu himan. Mootummaan naannoo Tigraay dhimma kanarrattis waan jedhe hin qabu. Mootummaan federaalaa tarkaanfii waraanaa fudhachaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuree naannicha keessatti nagaa buusuuf hojjetaan jira jedha. Haa ta'u malee UN dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa fi xiinxaltoonni garuu rakkinichi kan yeroo gabaabaa keessatti xumura godhatu miti jechuun gaaga'amni lammilee nagaarra gahuu hammaachuu akka danda'u akeeku. Sadaasa 03 haleellaa mootummaan raayyaa ittisa biyyaa izii Kaabaa irratti raawwatame jedheen duuba lolli kallattii qaamolee lamaan jidduutti dhalate.
oduu-42686077
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42686077
Erga dubbiin 'boolla kosii' dhagaahamee booda Tiraamp dubbicha haalaan
Pireezidant Tiraamp ani 'rakkoo sanyummaa' hin qabu jechuun biyyoota Afrikaa 'boolla kosii' jechuun arrabsaniiru jedhamuu isaanii haalaan.
Pireezideent Doonaald Tiraamp Biyyoota Afrikaa, El Saalvadoorii fi Heeytii 'boolla koosii jechuun arrabsan jedhamuu haalan. Marii Riifoormii dhimmaa godaansaarratti taa'ame irratti Pireezidant Tiraamp jechicha dubbataniiru jedhamee gabaafamaatti jira. Amma ammoo ibsa gaazexessitootaaf kennaniin 'ani sanyummaa hin qabu. Namoota hanga ammaatti gaaffiifi deebii taasiftaniif keessa namni 'rakkoo sanyummaa' hin qabne anadha jedhaniiru. Ibsi saanii kun erga uummata gurraacha arrabsaniiru jedhamee booda kallattiin dhimma kana irratti ibsa kennan isa jalqabaati. Wanti Pireezidentichi jedhaniiru jedhame maalii? Jechichi kan dhagaahame erga seeraa baastonni paartilee lameen irraa babbahan Roobii darbe Pireezidanticha waliin dhimma godaansaa irratti wixinee haraa qophessuuf mariyatanii boda. Tarbanoota darban keessa bulchiinsi Tiraamp hayyama jireenyaa yeroo ( Temporary Protected Status) lammilee biyyoota garaa garaa amma biyyatti keessa jiraatan mulqeera. Boodas ripportaroonni hedduun walgayii dhimma godaansaarratti ta'aan irratti Pireezidantichi 'maaliif lammilee biyyoota 'boolla kosii' irraa dhufan simanna?' jedhaniiru gabaasa jedhu qabatanii bahan. Haasaa miidiyalee waliin taasisaniinis lammiilee biyyota balaa uumamaa, waraanaa fi dhibeedhaan rakkatan irraa dhufaniif hayyama jireenyaa yeroo kennuurra, lammilee biyyoota akka Noorweey irraa dhufaniif kennuu qabdis jedhaniiru. Akka ragaaleen mul'isanitti Pireezidant Tiraamp godaantonni hedduun hayyama jireenyaa yeroo kan argatan biyyoota akka El Saalvadoora, Hunduraasii fi Heeyitii irraa warra dhufan akka ta'e yeroo itti himamu warra Heeytii moo? warra Heeytii hedduu barabaannaa? jechuun gaafataniiru. Eenyufaatu jedhaniiru yaada jedhu deeggare? Pireezidantichi jimaata darbe haasaan haasa'e ulfaatoo ta'aniis jechoota gabaafaman garuu itti hin fayyadamne yaada jedhu ergaa tiwiitaraa irratti maxxansaniin beeksisaniiru. Itti dabaluunis warra Heeyiitii arrabsaniiru jedhamuu haalanii, warra paartii Dimookraatotaatu uumee odeessas jedhan. Haa ta'umalee bakka bu'aan Seeneetii Diik Darbiin warra pireezidantichi jechicha jedhaniiru jedhan keessaa tokko. Pireezideent Tiraamp walgahii sana irratti, 'haasaa jibbaan guutame, safuu qabuufi rakkoo sanyummaa qabu' haasa'aniiru jadhan. Hoogganaa nageenya biyya keessaa Kiriisteen Neelseen dabalatee Seera baastonni paartii Riipaablikaanotaa hedduun walgahicharra turan garuu Obbo Tiraamp akka jedhame sanatti haasa'uu isanii hin yaadannu jedhaniiru. Haa ta'uyyuu malee bakka bu'aan seeneetii achi turan Lindiseey Girhaam Pireezidantichi yaada sana kennuu isanii hin haalle. Af-yaa'iin bakka bu'oota uummataa Ameerikaa ammaa fi miseensi gaamessi paartii Riipaablikaanotaa Pool Riyaan yaadni Doonaald Tiraamp dhimma godaansaa irratti kennan 'kan hin milkoofneef' akkasumas 'bu'a dhabeessa' dha jechuun ibsaniiru. Dubdeebii hanga ammaa jiru maali? Tokkummaan Aafrikaa jimaata darbe waan Pireezdeentiin Ameerikaa jedhan jedhameen nahuu fi aaruu ibsuun Pireezideentichi dhiifama akka gafatan gaafatera. Dubbii himaan Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Ruupert Koolviil ibsa miidiyaaleef Geeneev irraa kennaniin ''jechi biraan itti fayyadamnu hin jiru rakkoo sanyummaa jechuun ala, biyyoota fi ardiilee walitti qabdee boolla kosii hin jettu,'' jedhan. Bakka bu'oonni Dimookraatotaa hedduun haasa'aa pireezideentichi dhiyeenya kana bakka bu'oota uummataaf godhu jedhamee eegamu irratti yaada amma kennan kana balaaleffachuuf hirmaachuu dhisuuf yaadaa jiru.
oduu-47663964
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47663964
Paasworrdiin Feesbuukii miliyoonaan lakkaa'amu hojjetootaan beekame
Paaswoordiin fayyadamtoota feesbuukii miliyoonaan lakkaa'aman hojjetoota toora neetwoorkii miidiyaa hawwaasummaa kana irra hojjetan 20,000 ta'aniin akka banamuun danda'ame gabaafamaa jira.
Qorataan nageenyaa kan ta'e Brain Krebs, oduu waa'ee eegumsi daataaf ta'uu malu cabuu isaa futaafachiiseera. Eegumsa daataa ta'uu mala cabee jennaan paaswoordota kan jecha salphaan kuufame gara miliyoona 600 ta'anitu argama jedhameera. Paaswoordiin akka bahee mullatu ta'an kunneen gara duubaatti deebiyee kan bara 2012 dabalata jedhameera. Ibsa baaseen, Feesbuuk akka jedhetti 'rakkoo' akka paaswoordonni kunneen neetwoorkii keessoo isaatti kuufaman argamu taasise fureera. Akka ifatti saaxileen Obbo Krebs kan jedhe, "eegumsi nageenyaa/icciitii) akka cabeeru" maddeen Feesbuukii isatti himaniiru. Kun ammoo akka warreen achi keessa guddisuuf hojjetan osoo koodii itti hin baasiin appilikeeshinii itti seenanii kuusanuu uumuu danda'an isaan dandeessiseera. Oduu waa'ee Feesbuukii Obbo Krebs jedhu kana irratti yaada kennuun, erga Feesbuukiin kuusaa sana mul'iseen booda qorannoo keessaa jalqabamee, "mallattoon akka malee fayyadamuu" kamiyyu akka hin jirre agarsiiseera jedhan Scott Renfro. Yaada ifatti kenneen, Feesbuukuun rakkoo kana wayita qorannoo nageenya/icciitii eeguu sakata'u idilee ji'a Amajjii keessa taasisetti ture kan bira ga'e. Kanaaf, qorannoon akka agarsiisutti namoonni garri caalaan rakkoo kanaan kan miidhaman warra Feesbuuk Lite kan biyyoota rakkoon neetwoorkiin keessa jirutti fayyaduun dhimma ba'anitu ture. "Nuti akka tilmamnutti, fayyadamtoota Feesbuukiii Lite miliyoonota dhibbaan lakkaa'aman, fayyadamtoota Feesbuukii biroo miliyoonota kurnaniin lakkaa'aman, akkasumas fayyadamtoota Inistaagiraamii kumaatamaan lakkaa'aman beeksisuuf jiirra," jechuun kampaanichi Reuters'tti himeera. Garuu akka paaswoordii irra deebiyanii galchan kan hojiirra akka ooluuf gaafannu yoo gareen rakkoo kana akka furuuf ramadame paaswoordiin ittiin seenan mul'atee akka maleetti hojii irra ooluu kan mul'isu yoo ta'e qofaadha jechuun itti dabalee ibseera.
oduu-56281354
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56281354
Waa'ee Appiiwwan ulfa ittisuuf gargaaran-Natural Cyles fi Clue- hagam beekna?
Akka mala to'annoo da'umsaatti US keessatti beekamtii argatee hojiirra ooluuf kan yaadamaa jiru appiin 'Natural Cycles' jedhamu, morkataansaa kan 'Clue Birth Control' jedhamu beekamtii argachuusaa irratti himata dhiyeesse.
Appiin 'Clue Birth Control' jedhamu, appii duraan ture kan sagantaa marsaa laguu ji'aa ittiin hordofan 'Clue' jedhamurraa kan argameedha. Hundeessaan appii 'Natural Cycles' , 'appiin Clue Birth Control' guyyaa laguu ji'aa qofarratti kan hundaa'eedha jechuun beekamtii inni argate kuffise. Beekamtiin kennamuuf adeemsi keessa darbames gadi fageenyaafi of-eeggannoodhaan kan ilaalame miti jedhe. Appiin Clue jedhamu garuu aanga'oonni dhimma kana to'atan, mala ittisaa fi to'annoo da'umsaa ''isa nageenyummaan isaa mirkanaa'ee fi naga qabeessa ta'e'' jechuun akka beekamtii kennaniif hima. Appiin kun bara 2021 US keessatti hojii jalqabuuf jedha. Appiiwwan lameenuu mala ittisa da'umsaa kan aadaadhaan ture irratti dabalataan tajaajila kennuuf kan kaayyeffataniidha. Lameenuu guyyaa ulfi uumamuu danda'u ka'umsa godhachuun hojjetu. Kunimmoo guyyaa marsaa laguu nama sanaarratti kan hundaa'u waan ta'eef, namaa namatti adda addummaa qabaata. Appiin 'Natural Cycles charges' bilisaan kan galmaa'amu(Subscribe) yoo ta'u, kan Clue illee akkasuma ta'ee garuu appiiwwan fooyya'oo ta'aniif kan nama affeeruudha. Akka ragaa appii Clue jedhamuutti malli ittisa ulfaa kun da'umsa ittisuu keessatti dhibbeentaa 92 bu'a qabeessa. Gama kaaniin appiin 'Natural Cycles' jedhamu ammoo dhibbeentaa 93% akka bu'a qabeessa ta'e hima. Akkuma dawaa da'umsa ittisu, kan yeroo ammaa kennamaa jiruu milkaa'aa ta'uusaa ibsee jira. "Yaaliin kilinikaa 'Clue Birth Control' qorattoota Yuuniversitii Joorji Taawoniin kan gaggeeffameedha. Qorannoon muuxannoo fayyaa fooyyee qaburratti hundaa'uun gaggeeffames erga haalaan irratti mari'atameen booda maxxanfameera'' jetti dubbi himtuun Clue. Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichaa gadi fageenyaa fi of-eeggannoodhaan erga madaalee booda bu'a qabeessa ta'uusaa himeera jette. Appiin ittisa da'umsaa 'Clue' jedhamu bilbiloota Apple fi Android irratti ni argamu-Garuu jalqaba US keessatti qofa Marsaa laguu ji'aan faana bu'anii guyyaasaa hordofuun yeroo hanqaaquun fartilaayizeeshiniif qophaa'e adda baasuuf gargaara. Yeroon laguu nama sanaa yeroo walfakkaataatti kan dhufuu fi kan hin jijijjiiramne ta'uun yoo beekame, waqtii hanqaaquun hormaataaf qophaa'u adda baasuuf gargaara. Guyyaa lakkaa'anii bira ga'uun alattis akkaataan ittiin hanqaaquun hormaataa qophaa'uu baran jira, innis tampireecharri dabaluu, kana appiin 'Natural Cycles' jedhmus ni hordofa. Hammeentaan hoormooniis mallattoo kan biraadha. Garuu jijjiiramoonni kunneen sirriitti hin bikkaman taanaan ni dagatamu, salphaatti hin hubataman. Hoogganaan 'Natural Cycles' Dr Elina Berglund, akka jedhanitti argannoonsaanii jalqabaa appii kan isaanii fi appii Clue gidduu adda addummaa jiru baruudha. Akkasaan jedhanitti appiin Clue jedhamu laguu ji'aa qofarratti hundaa'ee hojjeta, tampireecharaa fi dhimmoota kaan bikkuu hin danda'u. Dr Berglund appiin isaanii kaan caalaa ragaa guutuu kan walitti qabatu ta'uu himan Qondaalli damee fayyaa appii Clue Lynae Brayboy, appiin isaanii maamila waliin suduudaan michuu ta'aa akka deemu dubbatan. Jalqaba yeroon walquunnamtii saalaa gochuuf balaa qabu guyyoota 16 ta'uu, garuu suuta suuta ammoo guyyoota 11 ta'uu barsiisaa deema jedhan. Guyyaa laguun mul'atu shanan dabalatee guyyoota 28 marsaan laguu itti naanna'uun dhufu keessatti guyyaan eerame kun walquunnamtii saalaa raawwachuuf guyyaa maloonni ittisa da'umsaa biroon barbaachisaniidha jedhan.
oduu-48743211
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48743211
Sochii Biyyaalessaa Amaaraa: Ajjeechaa aangawoota malee, fonqolcha mootummaa miti
Ibsa motummaan federaalaa yaaliin fonqolcha motummaa Naannoo Amaaraatti yaalame ture jechuun baaseen wal qabatee, hedduun attamiin fonqolchi sadarkaa naannootti gaggeefama jechuun gaafataa jiru.
Qaamoolee haala gochiichi itti ibsame morman keessaa Paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa (ABN) tokko. Dhimmuma kanarrattis Dura Taa'aan Paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa (ABN) Obbo Dassaalany Caannee ''Fonqolcha jechuuf tokkoffaa raga gahaan hinjiru. Sadarkaa lammaaffaatti naannichatti kan raawwatame haleellaa aanga'oota olaanooti'' jedhan. Kanaaf sadarkaa naannootti fonqolcha jechuun ni danda'amaa? jechuun gaafatu. ''ABN'' wayita ammaa kanatti eenyu akka haleellicha raawwateefi duba ta'uun eenyu akka qindeesse raga walitti qabaa jiraachu kan himan obbo Dasaalanyi, du'a aanga'ootaa fi janaraalotaatiin gaddi itti dhagaahamuu maqaa Paartii isaaniitiin ibsaniiru. Komishinara poolisii dabalatee, aanga'oonni Naannoo Amaaraa taateen kun 'haleellaa aanga'oo olaannoorratti raawwatame jechuun ibsaa jiraachuu kan himan Obbo Dasaalanyi, motummaa Federaalaa ''fonqolcha motummaa'' jechuun fayyadamuun kan bitaa namatti galuudha jedhaniiru.
oduu-49327860
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49327860
Keenyaa: Mana shubbisaa dhiironni akka hin seenne dhorkaman
Manni shubbisaa Keenyaa tokko dubartoonni yaaddoo tokko malee akka keessatti bohaaran haala mijaawaa ta'e qopheesseera jetti.
Magaalaa gudditti Naayiroobii keessatti bakka magaalaa keessaa xiqqoo ba'ee argamu tokkotti mooraa shubbisaa toltuudha jedhamte tokko kireeffataniidha akka dubartoonni osoo yaaddoo tokko hin qabaatiin bilisa ta'anii akka bashannananiif qophaa'e. "Mana shubbisaa dhiironni keessa jiran yoo ta'e of gadhiistee bilisa hin taatu. Hiriyyoota kee waliin bashannanuudhaaf bakka bilisa taatu akkasii ni wayya," jechuun dubbatti shamarreen umuriin ishee ganna 26 Jeen. "Hundumtuu yoo dubartoota qofaa ta'an garuu waan akka maatii waliin ba'anii bashannananiitt." Mana shubbisaa kana seenuudhaaf sakatta'insi isaa baayyee cimaadha. Dhiironni mursaani isaaniif hayyamamuu danda'a. Haatau malee, dhiironni akka seenaniif isaaniif hayyamamu kunneen dubartoota mana shubbisaa kana akka geessaniif warra dhufanidha malee akka gara keessaa seenaniif kan isaaniif hayyamamu miti. Isaan booda garuu dafanii deemuu qabu. Dubartoonni Keenyaa mana shubbisaa keessatti amaloota dhiiroo barbaachisaa hin taane ni balaalleffatu Kan baakonii duubaan dhugaatii buusu, warri waardiyyaafi eegumsaa, DJ, tekinishaanonni sagalee, warra weellisaniifi shubbisa ho'isan, waltajjii gaggeessaniifi keessummeessan hunduu dubartootadha. «Bakki sun mana shubbisaa dubartootaa qofaadha jedhamuu akkuman dhaga'eenan galmaa'ee miseensa ta'e jetti," Shaaniin. Hiriyyoonni lamaan Jeeniifi Shaan ba'anii didiriifatanii bohaaruun isaan gammachiisa. Waa'ee 'mana shubbisaa dubartootaa qofaa' kan argan fuula tiwiitera irraadha. Yaada kana kan maddisiise dubartoota hojii fiilmii, muuziqaafi faashinii irratti boba'an sadii turan. Femicide in Kenya: 'Our girls are being killed senselessly' Qophii "Istiriktilii Siliik" jedhuun kan yaada isaa maddisiisanii jalqaban dubartoota Hinjookii Nigumaa, Hinjeerii Gaatungoofi Akkaatii Kahisiyaanii kan jedhaman yommuu ta'an, hundi isaanii muuxannoo fillmii, muuziqaafi ogummaa artii warra qaban miseensota Neest Kollekshin ta'anidha. Akka yaada kana maddisiisan kan isaan dirqisiise ammo Keenyaa keessatti rakkoo hamaa miidhaa qaamaafi qoor-qalbii akkasumas ajjeechaa dubartootarra ga'e akka ta'e warra hundeessan kana keessaa tokko kan taate Hinjookii Nigumaa ni ibsiti. Hordoftoota amantaa Musliimaa kan ta'an Muniiraafi Kadijjaan maamiltoota mana shibbisaa kanadha. Hordoftoonni amantaa kamiiyyu gara mana shubbisaa kana yoo dhufan nuuf garuu kan hedduu nutti toledha jedhu. Wantonni akkasii kun biyyoota akka Hindiifi Sawud Arabiyaa keessa jiraatanillee kan to'ataman garuu sirna abbaatiinidha jetti Hinjookii Nigumaa. Dubartoota hawaasa gara garaa keessaa Bakki sun mana shubbisaa dubartoota qofaaf qophaa'edha jedhamullee garuu kan 'namoota warra saalaan walfakkaatoo waljaallataniif' kan qophaa'edha jechuun kan qeeqanis hin dhiban. Agarsiisa dubartoota shubbisaanii Hinjookii Nigumaa ammo kanaaf deebii qabdi: "Nuti duartoota ilaalcha kamiyyu qaban ni fudhanna. Dubartoonni jaalala warra saala walfakkaataa ta'anis dhufuu ni danda'u. Garuu dhorkaa tokkollee hin qabnu. Dubartiin kamiyyu dhufuu ni dandeessi." Hinjookii Nigumaafi jaalleewan hojiishee 'Mana Shubbisaa Dubartoota Qofaa' Naayiroobii keessatti qofaa osoo hin taane guutummaa Afrikaa irratti baballisuudhaaf karoora qabu. Maqaan dubartoota as keessatti ibsamanii isa sirrii miti.
oduu-54520826
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54520826
Mormii Naajeriyaatti adeemsifamaa jiruun namoonni lama poolisiin ajjeefaman
Mormii gochaan sukaneessaa poolisii haa dhaabbatu jechuun Naajeriyaatti gaggeefamaa jiruun qondaala poolisii dabalatee namooti nagaa magaalaa biyyattii keessa tokko kan taate Leeegoositti ajjeefamaniiru.
Poolisiin keemikaala Amooniyem jedhamu mormitoota bittimsuuf fayyadamuusaa gabaasonni bahaati jiru. Guyyaa kaleessaa gareen poolisiin ajjeechaa fi hidhaa seeraan ala taheen himatame diigamee booda dha kun kan dhalate. Mormitoonni garee poolisii saamicha dhaabuuf dhaabbate ‘Special Anti-Robbery Squad' akka diigamuufi hiriira bahaa turan. Haa tahu malee murtoo gaafa Dilbataan uummatni gammadoo miti. Sababiinsaa immoo miseensonni garee sanaa amala sirreessuu mannaa garee poolisii biroo keessatti dha dabaalamani jedhu. Namoonni ijaan argan akka jedhanitti yoo tahe dhukaasa poolisiin Leegoos naannoo Suuruuliiritti baneen Wiixata kaleessaa baayyeen miidhamaniiru. Mormitoonni irra deddeebiin poolisiitti dhakaa darbachaa turan. Poolisiin mormitoonni ‘hidhatan’ lubbuun poolisii tokkoo akka darbuufi lama immoo akka miidhamaniif sababa taheera jedhan.. Poolisiifi mormitoonni du’a nama ganna 55f wal-yakkaati jiru. Bulchiinsi Muhaammad Buhaarii mormitoota irratti dhukaasuun balaallefatamaa jira. Mormitoota namni gara buufata xiyyaaraa akka hin galle cufaa jiran dhorkan bittinsuuf konkolaataan hidhattootaan guutame bobbaafameera. Pireezidaantiin biyyattii sirna poolisii irratti haaromsi gadi fagoo akka taasifamuufi garee poolisii addaa Saars keessaa namoonni dhiittaa mirga namoomaa qaqqabsiisan seeratti dhiyaatu jedhan. Haa tahu malee poolisiin ammallee mormitootatti dhukaasuun dheekkamsaafi aarii jabeessuu mala jedhu gabaastonni. Ibsa Wiixata kennaniin Buhaariin garee poolisii kana diiguun tarkaanfii isa duraati jedhanii ture.Haa tahu malee namoota muraasaaf jecha poolisii jabinaan hojjechaa ture kabaja dhorkuun sirrii miti jedhan.
oduu-44210269
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44210269
Iboolaa: Hubannoo gabaabaa
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa Vaayirasii Iboolaa kan dhiyeenya Riippabliikaa Dimokiraatawaa Koongootti deebi'ee mullatee, ittisuufi talaalluutti jira.
Iboolaan dhukkuba vaayiresiitiin dhufudha. Biyyooti Afriikaa hedduun waan tamsa'ina Iboolaa kana akka qopha'ani hordofan akeekkachiisee jira. waan tamsa'ina vayirasii Iboolaatifi of eeggannoo biyyoonni gochuu qaban Dr. Asaffaa Simee BBC'tti himaniiru. Iboolaan dhukkuba attamiiti? Dr. Assaffaan Iboolaan maqaa laga Riippabliikaa Dimokiraatawaa Koongoo keessa jiru yeroo jalqabaatiif dhukkubni kun itti argamedha. Kanaaf, maqaan dhukkuba kanaa maqaa laga argame kanarraan moggaafame. Iboolaan dhukkuba vaayiresiitiin dhufudha. Mallattoo dhukkuba Iboolaa Mallattoon gara jalqabaa dhukkuba kanaa gubaa qaamaa, qoonqoo kan madeessuudha jedhu Dr. Assaffaan. Akka Dr. Assaffaan jedhanitti, mallattoon Iboolaa yoo turaa dhufe ammoo garaa kaasaafi deebisaa, akkasumas qaamarratti shiif waan jedhu mullachuudha. Kana waliin walqabatee qaamni keessaafi alaan dhiiguus danda'a jedhan Dr. Assaffaan. Yeroo cimaa deemes, dhiigni bifa funuunaatiin karaa funyaaniifi karaa ulaa adda addaatiin ba'uu danda'a. Qaama keenya keessaa ammoo kaleefi turuun dhiiguurraa waan irraa hin hafneef salphaatti miidhamuu akka danda'anis ibsaniiru Dr. Assaffaan. Namni tokko dhukkuba kanaan qabamee osoo irratti hin beekamiin ykn mallattoo hin argisiisiin torban sadii turuu danda'a. Iboolaan attamiin daddarba? Dhukkubi kun bineensota bosonaa akka jaldeessaa, weenniifi chimpaanziirraa namatti darbuu danda'a jedhan Dr. Assaffaan. Dhangalaan akka hancufa/gororaa, dhiigaafi dafqaa nama dhukkuba kanaan qabaman ykn bineensota heeraman kana keessaa ba'an nama xuqan nama fayyaatti darbuu danda'a. Akkasumas, meeshaa namoonni dhibee kanaan qabaman itti fayyadaman nama qabuu danda'a. Iboolaa attamiin ittisuun danda'ama? Yeroo baayyee biyyoonni sakkatta'insaafi qorannoo ulaa garaa graa akka buufata xiyyaaraa irratti cimsanii taasisuun ittisu, jedhu Dr. Assaffaan. Kana gochuudhaan namoota dhibee kanaan qabaman dafanii addaan baasuudhaan hanga mirkaneeffatamutti tursiisuun ofirraa ittisuudha. Yaalii talaallii dhibee kanaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa taasisaa jiru yaadatanii, talaalliin yoo nama dhukkuba kanaan qabame fayyisa osoo hin taane akka namoonni hin qabamneef dursee kan kenamudha jedhu Dr. Assaffaan. Ta'us jedhan talaalliin Iboolaa baayyee irratti of abdannu hanga arr'aatti waan hin argamneef karaa dhukkubni kun ittiin darbu kana beeknee of eeggannoo cimaa gochuun akka nu barbaachusu himu.
oduu-50542714
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50542714
Miidhaa sammuu dubartoota manaafi daandiirratti gudeedamanii
Shamarreen kun barattuu yunivarsitii turte. Turtii ishee bara barnootaa jalqabaatti rakkinni dhiphina sammuu ishee mudate. Isaan boodas wal'aansa argachuuf gara magaalaa Finfinnee Hospitaala Amaanu'eel dhufte.
Haa ta'u malee dhukkubbiinshee itti cimuun namni haalaan hordofee wal'aansiisu waan bira hinjirreef, mana wal'aansaatii daandiitti baate. Dr Maajii Haayila Maariyaam ammoo waggoota dura qorannoo namoota daandiirra jiraatan irratti taasifamuuf wayita ragaa walitti qabuuf baateetti, shamarree tanaaan wal agarte. Yeroo sanattis dhiirota gara 15 ta'aniitiin gudeedamuu ishee itti himte. Garee qorattoota ishees shamarreen tun Hospitaala Amaanu'el galtee akka wallaanamtu taasisan. Dubartoonni dhukkuba sammu qabaniifi miidhaan gudeedamuu irratti raawwatamu dhukkuba HIV tiif saaxilamuuf carraansaanii olaanaandha. Garuu shamarreen ture dhukkubichaan hin qabamne ture. Yeroo muraasaan booda ammoo shamarreen tun wayita bayyanattee baatuu gara buufataatti ergamtee turte. Haa ta'u malee waggoota muraasaan booda shamarreen tun Magaalaa Finfinnee naannoo Lidataa jedhamutti qoricha fudhataa turte dhaabuun daandiirratti akka agarte Dr Maajiin ni dubbatti. Waan isheerra gahee ture, waa'ee ennyummaa saanii fi eessaa akkaa dhufan akkas jedhanii himu kan hindandeenye dubartoonni miidhaa sammuu qabaniifi balaan gudeedamuu irra gahees, yeroo hunda gara waldaa misoomaa fi boqonnaa Dubartoota dhaqu. Yeroo baayyees dubartoonni kunneen miidhaan qaamaatiif erga saaxilamanii, erga ulfaa'anii ykn daa'ima harkatti baatanii gara dahannoo kanaa akka dhaqan itti gaafatamtuun waldichaa Narsi Simirat Tasfaaye ni dubbatti. Simiratti akka jettuuttis, waa'ee miidhaa irra gahe dubbachu dadhabuun isaanii ammoo deegarsa taasifamuuf rakkisaa taasisa. Dubartoonni kunneeni yeroo baayyee kan gudeedaman daandiirratti yoo ta'u, ''gara dhaabbatichaa dhaqaniis kanneen dhukkuba sammuuf saaxilamaniifi dubartoonni abbaa, obboleessa, ollaa fi barsiisaadhaan gudeedamaniidha'' jetti Simrati. Dubartoonni kunneen namoota isaanitti siqaniin kan gudeedaman ta'uun kan baramuus ofiin dubbatanii osoo hintaane, namoonni gara biraa hordoffii taasisaniin erga baranii kan hubatamu ta'u himti. Dhaabbanni kunis dubartoota rakkina sammuu qabaniifi miidhaan gudeedamu irrra qaqqabeef deeggarsa taasisuuf tarkaanfiin jalqabaa taasisuu, qorannoo wal'aansa qaamaa fi sammuu akka gara fayyummaa isaaniitti deebi'aniif deeggarsa taasisuudha. Yeroo baayyeess erga dirqiin gudeedamanii booda dubartoonni gara buufatichaa dhaqan umuriidhaan kenneen waggaa 10-30 jidduutti argaman ta'u jetti. Kana maleess miidhaan biraa gudeedamuun walqabatee dubartoota kanneen irra gahu malu, dhibee HIV saaxilamuudha. Waan hundumaa 'waan ishee dhukkuubuufiidha' jechuu bira darbuurra dubartoota rakkina fayyaa sammuu qaban, dhukkuba isaaniin alatti hubachuun barbaachisaadha jetti Simirat. ''Rakkinni sammuu waan tokko, miidhaan irraa gahu ammoo miidhaa dubartummaan walqabatu kan biraati. Kanaafuu, dubartiin tun rakkoolee akkasiif saaxilamte jirti ta'a kan jedhu osoo sammuu namootaatti dhafa ta'e gaariidha,'' jechuun himti Simrat. Dubartoonni sammuu dhukkubsatan dhaabbilee fayyaa keesatti illeen akka gudeedaman ragaan poolisii irraa arganne ni mul'isa. Kana malees, dallaawwan dahuu namoota rakkina sammuu qaban; dhiiras ta'e dubartoota, waggoota muraasaan dura namoonni naannichatti argaman kanfaltii malee hojii humnaa akka raawwachisan ragaa qabaachu Dr, Maajiin ni yaadatti. Dubarttoonni ammoo dhiiroota naannicha buufata dahanootti argamaniin gudeedamaa akka turanis ni himti. Miidhaa gudeeddii Lakkoofsi dubartoota dhaabbilee fayyaa kan akka Hospitaala Amaanu'el fa'ii erga itti fooyya'ee bahuun osoo daandiirra jiraatanuu irra deebiin balaa dirqiin gudeedamuutiif saaxilaman baayyeedha. Yeroo baayyees dubartoonni sammuu dhukkubsataniifi maatii ykn fira bira jiraatan hinqabne kan ergaman gara buufata dahannootti. Haa ta'u malee muuxanoo malee jireenya to'annoo kanatti baruu dadhabuun deebii'anii jireenya daandiitiif akka saaxilaman Dr Maajiin ni himti. Jireenyi shamarree sababii dhukkuba sammuutiin barnoota ishee kooleejii adda kutuun jirenya daandiitiif saaxilamtees dhugaadhuma kana kan mirkanneessuudha. Walumaagalattis, miidhaa dubartootarra gahaa jirurratti dhukkubbiin sammuu yoo dabalamu hagam cimaa akka ta'e, ''namni hordofee wallaansiisu kan hinqabne, dubartii ofiisheetiin dhaabbachuun dubbachuu hindandeenyee gudeeduun hunda caalaa cimaadha,'' jechuun ibsiti. Akka isheen jettuuttis adeemsa dubartootaa daandiirraa kaafaman gara buufataatti geessuun yeroo ce'umsaa kan barbaadu yoo ta'u, biyya Itoophiyaa keessaa haalli ce'umsa sanaaf ta'u waan hinjirreef dubartoonni caalaa saaxilamtoota ta'u. Shamarreen sunis maaliif akka buufata dahannootii akka baate wayita gaafatamteetti deebiin kennite, ''Asitti riifeensa kee filachu hindandeessu, asi ta'uu hinqbdu, nyaachuu kan qabaattuu sa'aatii kana qofaatti kanneen jedhanan dadhabe'' jechuun himte turte.
oduu-41427409
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41427409
Rakkina godaansaa: Gamtaan Awurooppaa karoora godaansaa baase
Komiishiniin Gamtaa Awurooppaa (EU)n yoo xiqqaate koolugaltoota 50,000 gara Awurooppaatti fiduuf sagantaa waggaa lamaa haaraa dhiyeesse.
Karoorri koolugaltootaaf karaa nagaa fi seeraatiin akka Awurooppaa galan taasisu kun Afriikaa irratti xiyyeeffannaa haaraa akka taasisu, Komiishinichi dubbata. Sagantaa kanaanis lammiileen gaanfa Afriikaa fayyadamtoota muummee ta'u jedhame. ''Kunis osoo tarkaanfii yeroo ariifataa osoo hin taane, waa'ee haala to'annaa dhimma baayyee walxaxaa fi caasaa amma keessatti argamnutii,'' jedhaniiru Federikaa Mogheriinii, Pirezidaanitiin itti aanaa komiishinichaa. Dhimmi kunis walitti dhufeenya biyyoota 28 Gamtaa Awurooppaa keessaa wal mormisiisee jira. Sagntaan waggoota lamaa Roobii xumurameenis godaantoota 160,000 qofa bakka haaraatti dabare. Motummoonni bahaa heduunis karoora qubsuma dirqamaa irratti kan maman yoo ta'u, himannaan seeraa Polaandii fi Haangaariin dhiyeefatanis jalqaba baatii kanaatti mana murtii haqaa Awurooppaatiin didameera. Karoorri qubsamaa gara xumuraatti dhufaa jiruu kunis to'annaa adeemsa godaantoota 1.7 karaa galaanaatiin bara 2014tti Awurooppaa galaniitif yaalii xumuraati. Karoorri haaraan kunis daddeebiftoota yakkaa jireenya godaantootaa balaa rratti kufiisaa jiraniif filannoo nagaa dhiyeessuu irratti kan xiyyeefateedha. Karoorichi seera Awurooppaa kana dura godaantonni biyya seensa Awurooppaatti kolu galtummaa gaafachu qabu jedhu deegeera. Seerri sunis biyyoota akka Xaaliyaanii fi Giriik kan qarqara galaanaa jiran irraatti dhiibbaa haalicha to'achuu umee ture. Qondaaltoonni EU akka jedhanittis, karoorri qubsama baayyina namoota tilmaamamee kan fiixaan bahu dadhabeef irra caalaa, sababii waliigaltee Eu fi Turkii jidduutti baqqattoota Libiyaa rraa dhufan xiqqeessuf taasifameedha. Akkasumas, irra caalaan godaandtoota dhiheenya biyyoota irraa dhufan ammoo kan ulaalaa sagantaa qubachisu hin gunnee ta'usaaniti. Karoorri haaraan waggoota lamaa komishinichaa kunis namoota balaaf saaxilaman 50,000 gara Awurooppaatti fida. Adeemsa kanaanis jiddu galli bahaa fi Turkii akkuma duraa yoo ta'u, Afiriikaa Kaabaa fi Gaanfa Afrikaa irratti garuu xiyyeefannaa haaraan akka taasifamu dubbatama. "Kunis yaalii Komishinnichi namoota lubbu isaanii harka networkii dadabarsitoota yakkaatiin balaaf saaxilamaa jiruuf filanno biraa taasisuudha,'' jedheera. Jechuutarratti yaadannoo: BBCn jecha godaanaa jedhu kan fayyadameef namoota adeemsa gaaffii kolu galtummaa seeraa jiran hundaafii dha. Garee kunis namoota biyyoota waraa baqatan kan aaka Siriyaa kanneen sadarkaan kolu galtunnaa kennamuuf danda'u, akkasumas namoota hojii fi jireenyaa foyya'aa barbaadan kan dabalatuudha.
oduu-41072584
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41072584
Qilleensa mijeessuun attamiin addunyaa jijjiire?
Mee haala qilleensaa bantuu fi cuftuu sochoosu qofaan to'achuu danda'uu keenya yaadi. Qilleensa ho'isuu yookin qabbaneessuu, fi jiisuu yookin gogsuu.
Meeshaa qilleensa qabbaneessuu Silaa ongee ykn lolaan, aduu saafaa ykn daandiin cabbiin irra tuulame hin jiraatu. Gammoojjiin ni lalisa, Oomishnis gonkuma gogee hin badu. Dhalli namaa haga fedhe qaroomus, mala haala qilleensaa, manaan alaatti to'achuu isa dandeessisutti hin dhiyaanne. Garuu erga meeshaaleen qilleensa mijeessan kalaqamanii as, qilleensa mana keessaa to'achuun danda'amee jira. Kunis dhiibbaa hin eegamne fi yeroo dheraaf turan geessisee jira. Dhalli namaa erga abidda uumee kaasee qilleensa qorra ho'ifachuu danda'ee ture. Rakkoo kan ture qilleensa ho'aa qabbaneessuu dha. Mootiin Impaayera Roomaa durii Elgabulus jedhamu tokko cabbii tuulluuwwan irraa fichisiisee mooraa isaa keessatti akka tuulamu gochaa ture, qilleensa qabbaneessuuf. Rakkina qilleensa jiidhiina qabuu Hojii uumaan biyya Ameerikaa Fredirik Tudoor, jaarraa 19 keessa, waqtii gannaa tullaa cabbii haroo'New England' keessaa walitti qabee, wantoota gara biraa irraa ega adda baasee booda gara bakkeewwan ho'aatti geesse daldaluun bu'aa guddaa irraa argate. Cabbiin wayita sassaabamu 1850'n keessa Hanga bifa nam-tolcheen cabbii tolchuun danda'amuuttis, hongeen cabbii haroo kana akka hin mudanne sodaatamaa ture. Qilleensa mijeessuun kan eegalame bara 1902 keessa yoo ta'u, innis tajaajila dhala namaaf akka oolu yaadamee hin turre. Kaampaniin maxxansaa Niiwyoork tokko wayita maxxansa halluu maxxansuuf yaalutti, jijjirami jiidhina qilleensaa baay'ee isa darare. Maxxansa halluu maxxansuuf waraqaa tokko irratti si'a afur maxxansuun dirqama, kana giduutti jiidhinni qilleensaa yoo jijjiirame waraqaan sontooruu fi diriiruu waan danda'uuf, wanti maxxanfamu walirra bu'ee dogoggora uuma ture. Kanaaf jecha manni maxxansicha kaampaanii ho'iinaa Bufaaloo Forji jedhamu mala jiidhina qilleensaa to'atu akka omishuuf gaafate. Injinarri Ameerikaa dargaggeesi Wiilis Kaariyer, qilleensi wayita sibiilota dheerinaan tarree galanii walitti hidhaman, kan dhangala'aa amoniyaatiin ukkaamfaman irra yoo deddebi'u, jiidhinni isaa %55 irratti akka dhaabatu gochuun akka danda'amu irra gahe. Maxxansitoonnis ni gammadan. Wiilis Kaariyer bu'aa kalaqa isaa fageesse yaade Bu'aalee Heedduu Kaampaniin Buufaloo Foorjis kalaqa Wiilis Kaariyer kana industiriiwwan maamiltoota isaa jidhiinni qilleensaa rakkina itti uumaa jirutti hatattamaan gurgurate. Industiroonni haala qilleensaa hojjettotaaf mijeessu badaa hin yaanne ture, garuu innis bu'aa tasa argamee dha. Bara 1906tti, Kaariyer 'mijaa'iinaaf' namootaaf jecha gamoowwan hawaasaa akka tiyaatiraa keessatti hojiirra oolchuuf qorachaa ture. Seenaa keessatti sababiidhuma ho'a olaanaatiif manneen tiyaatiraa wayita bonaa ni cufamu turan. Hawaasni waliigalaas meeshaa qilleensa mijeessu kana yeroo jalqabaatiif kan argan bara 1920nitti galma tiyaatiraa guddachaa jiruutti yoo ta'u, hatattamaanis akkuma filmiiwwani barbaadamummaan isaa dabalaa dhufe. Kalaqni mijessituu qilleensaa haala manneen Ameerikaa kibba geeddareera Teknoolojii Jijjiirama Wayita garmalee ho'anitti komputaroonni waan hojii dhaabaniifu, mijeessituu qilleensaa malee kaadimtuuwwan ykn sarvaroonni baankii gurguddaa intarneetiif annisaa kennan hin jiraatan. Dhugumattis warshaaleen qulqullina qilleensaa isaanii kan eeguu hin dandeenye yoo ta'e, yeroo hundaa meeshaalee jijjiirraa komputaraa omishuuf carraaqna ta'a. Mijeessituun qilleensaa damee ijaarsaa fi dizaayinii manneeniis jijjiiree jira. Ijaarsi gaariin haala qilleensaa ho'aa keessatti yoo ijaaramu, keenyan furdaa, baaxii ol dheeraa, haratii (balcony), mooraa fi foddaawwan biiftuutti fulleeffatan akka qabaatan yaadama. Manneen dogtrot kibba Ameerikaatti beekamanis qilleensaaf akka mijatanitti koriidarii dhumnisaanii banaa ta'een kan hiramanii dha. Mijeessituu- qilleensaatiin duras, gamoowwan dhedheeroon fuldurri isaanii of-laalee ta'e filannoo gaarii hin turre. Mijeessituun qilleensaa haala caasaa ummataa illee geeddaree jira. Fakkeenyaaf, isa malee guddina magaalota akka Dubaayii fi Singaapoor yaaduun cimaa ture. Ameerikaatti walakkeessa jaarraa 20ffaa keessa lakkoofsi maatii garmalee kan dabale yoo ta'u, baay'inni uummataa bakka ho'aa kibba biyyattii %28 irraa gara %40 tti guddate. Keessattuu namoonni sooram bahan kaabaa gara kibbaatti socha'uun isaanii madaala siyaasa naannichaa geeddaree jira. Pireezidantiin Ameerikaa durii Ronald Reegan Sababii mijeessituu qilleensaan filataman jechuun morma ture, barreessichi Istiiv Joonson. Reegan bara mijeessituu qilleensaa addunyaa keessaa walakkaan ol Ameerikaan itti fayyadamtu, bara 1980 taayitaa argate. Erga guddinni dinagdee saffisaan mul'atees: Chaayinaan dhiheenyatti addunyaa dursuuf deemti. Magaalota Chaayinaa keessatti ammeentaan manneen mijeessituu qilleensaa qabanii waggoota 10 keessatti harka kudhanii gadii gara sadii keessaa harka lamaatti (2/3) ol guddataniiru. Biyyoota akka Indiyaa, Biraaziil fi Indooneezhiyaattis, gabaan mijeessituu qilleensaa ariitii dijiitii lamaan babal'achaa jira. Kana caala akka guddatus ni eegama. Magaaloonni gurguddoon addunyaa 11 gammoojjii keessatti argamu. Guddinni mijeessituu qilleensaa sababii baay'eef jecha oduu gaarii dha. Innis tibba dambalii ho'inaatti balaa du'aatii akka hir'isu qorannoowwan ni mul'isu. Ho'ii hidhamtoota mana sirreessaa keessaa boqonnaa dhabsiisa - kanaafuu mijeessituun qilleensaa wal dhabdee hir'isuun ofuumaa gatii ofii kanfala. Galma qormaataa keessatti ho'inni yoo seentiigireedii 21 ykn 22 ol tarutti, barattoonni qormaata herreegaatiin qabxii gadaanaa galmeessu jalqabu. Biiroolee keessattis mijeessituun qilleensaa akka bu'a qabeessa taanuuf nu gargaara. Akka qorannoo kanaan duraa tokkoottis, barreessitootni mootummaa Ameerikaa hojii caalmaa %24 akka raawwataniif gargaareera. Geejjiba irratti illeen haala qilleensaa to'achuun murteessaa dha Dhugaa fudhachuuf nama rakkisu Namtichi Wiliyam Nordihos jedhamu qorannoo qorateen, omishtummaan lammiilee biyyoota qilleensa ho'aa, kanneen biyyoota qilleensa qorraa caala gadi bu'aa dha. Dhugaan fudhachuuf nama rakkisu: mijeessituuwwan qilleensa wayita mana keessaa qilleensa qabbaneessan, alaa ho'i akka dabalu gochuudhaani. Qorannoon Arizoonaa, Fiineeks keessatti qoratameen ho'i mijeessituuwwan qilleensaatiin gadi dhiifamu, ho'iinsa qilleensaa magaalaa tokkoo wayita halkanii digirii seentigireedii 2'n akka dabalu mirkanaa'eera. Sirni qabaneessu daandii baaburaa lafa jalaa gara sadarkaa ho'a garmaleetti geessuu danda'a. Ho'a kana qabbaneessuuf yeroo baay'ee cilee jijjiirama qilleensaatiif gumaatutu faayidaa irra oola. Kun ammoo yoo naannootti makame balaa hamaa qaqqabsiisuu danda'a. Haa ta'u malee, teeknooloojiin mijessituu qilleensaa qulqulluu fi naannoo kan hin faalle ta'aa jira. Fedhiin ariitiidhaan dabalaa jira- namoonni yaada gaarii qaban waa'ee argannoo gama kanaan ta'uu danda'an irratti sirrii yoo ta'an iyyuu, bara 2050tti ammo itti fayyadamni anniisaa dacha saddeetiin ni dabala. Kunis gama jijjiirama qilleensaatiin oduu yaachisaadha. Yeroon itti kalaqa qilleensi manaan alaa itti to'atamu itti argannu yoom laata?
oduu-52531633
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52531633
Koronaavaayiras: Jibuutiitti lakkoofsi COVID-19 dabaluun naannoo Afaar yaaddesse
Jibuutiitti lakkoofsi namootaa koronaavaayirasiin qabamanii dabaluun yaaddoo jedhe Biiroo Eeggumsa Fayyaa Naannoo Affaar.
Itti-aanaa biirichaa kan ta’an Obbo Yaasiin Habiibi BBC’tti akka himanitti, “Jiibutitti namoonni hedduu waan qabamaniif yaaddoon jiru ulfaataadha. Lammiileen Jibuutii hawaasa naannichaa waliin haalli jireenyasaanii waan wal fakkaatuuf daangaa ce’uuf carraa guddaa qaba,” jechuun yaaddoosaanii ibsaniiru. Biyya lammiilee miiliyoona hin guunne qabdu Jibuutii keessatti hamma ammatti namoonni 1,100 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, guyyaa guyyaadhaan lakkoofsi namoota qabamanii dabaluusaa ibsa mootummaa biyyattii ni mul’isa. Itoophiyaan daldala galiifi baasiitiif buufata doonii Jibuutii baay’inaan kan fayyadamtu yoo ta’u, daangaa biyyoota lamaan daangessu inni guddaan naannoo karaa Affaariitiin. Yeroo ammaa kanatti Jibuutiirraa gara Itoophiyaa sababa adda addaatiif seenan 510 bakka addaa naannoon Affaar qopheesse keessatti adda baafamanii akka jiran qondaalli kun dubbataniiru. Kaleessa qofa “namoonni daandii adda addatii Jibuutiirraa namoonni 130 naannicha galaniiru. Kunis lakkoofsa namoota adda baafamanii jiranii gara 485’tti ol guddiseera jechuudha. Lakkoofsi namoota Jibuutiirraa seenanii dabalaa jira,” jedhan Obbo Yaasin. Samuudni 296 namoota Jibuutiirraa deebi’anii bakka tursiisaa keessa jiraniifi eeruudhaan, akkasumas mana manarra deemuudhaan taasifameen argame gara Finfinneetti erga ergame booda bilisa ta’uunsaanii kan beekame yoo ta’u, kan namoota biroo immoo bu’aansaanii eegamaa jira. Naannoo Affaaritti hamma ammaatti nama tokko kan koronaavaayirasiidhaan qabame. Jiraataa Gawaalee waliin dubartiin tuttuuqqii qabdu turte qorannoo taasifameen dhukkubbicharraa bilisa taatee jirti. Namoonni Jibuutiirraa gara naannichaa seenan bakka adda itti baafaman yunivarsiitii Samaraa keessa akka turan erga taasifame booda samuudnisaanii gara Finfinneetti ergama ture. “Bu’aa qorannoo eeguu yeroo fudhata ture. Bu’aanis sa’aatii 24 yookiin 48 keessatti ifa taasifama ture. Ta’us garuu samuudni kunneen gara kutaalee yaalii garagaraatti waan ergamaniif bu’aan qorannooo bakka tokkotti hin dhufu ture,” jechuun haala jiru ibsu. Rakkoo kana furuuf Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannichaa Ministira Fayyaa waliin ta’uun wirtuu yaalii qopheesse har’a hojii jalqabuusa Obbo Yaasin ibsaniiru. “Wirtuun yaalii kun nuufis ta’ee hawaasaaf waan guddaadha.” Insititiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Affaar magaalaa Samaraa keessatti kan argamu yoo ta’u, guyyaatti “samuuda 160-200,” qorachuu danda’a jedhaniiru. Naannichi mana manarraa deemuun hordoffii taasisaa jira. Hamma ammaattis namoota 29,578 irratti hordoffii taasisaa jiraachuusaa kan ibsan qondaalli kun, namoota ho’aa qaamaafi mallattoo biraa mul’isan adda baafamuusaanii ibsaniiru. “Namoonni odeeffannoo qabaatanis of eeggannoorratti ammallee ni hafa. Abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaa tattaaffii taasisaa jiru. Masjiidotarratti salaanni hin jiru Azaana (waamicha salaataa) malee. Hojiileen hojjataman garuu nu hafu,” jedhan. Imaamonni naannichaa adda baafamanii turanii fi guyyoota 14’f turan namoonni 143 qorannoon taasifameefii dhukkubbicharraa bilisa ta’uunsaanii eega mirkanaa’e booda gara manasaanitti deebi’aniiru jedhan Obbo Yaassin.
oduu-49982857
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49982857
Teekinooloojii -Afrikaa: Riwaandaan 'smart phone' Afrikaa isa jalqabaa hojjette
Riwandaan bilbila harkaa ammayyaa 'smart phone' guutummaatti Afrikaa keessatti yeroo hojjetamu kan jalqabaa ta'e hojjettee agarsiisaaf dhiyeessite.
Pireezidantiin biyyattii Pool Kagaameen warshaa bilbilaa kana fi bilbiloota gosa lama jalqabaaf omishamanis daawwataniiru. Kagaameen ''Addunyaan keenya saffisaan jijjiiramaa jirti. Sana wajjiin deemuuf ammooo kalaqni adda hin citne barbaachisaadha. Kun daandii Riwaandaan guddinaaf filatteedha'' jedhaniiru. Bilbilli kunniin kaampanii teeknoolojii Mara group jedhamuun kan omishaman yoo ta'u, gosoota bilbilaa Mara X fi Mara Z jedhaman omisheera. Gatiin isaaniis walduraa duubaan $190 fi 130. Wiixata darbe warshaan bilbilaa kun yoo daawwatamu, ''Kun omishaa bilbiloota harkaa (smart phone) Afrikaa isa jalqabaatii'' jedhan hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Ashiish Takkar. Kaampaniin isaanii maamiltoota omishaalee gaggaariitti gatii baasuu barbaadan horaachuu akka fedhu dubbataniiru. Haata'u malee gabaa Afrikaa keessatti bilbiloota kaampaniiwwan Chaayinaa Sim Kaardii lama fudhatanii fi gatiin isaanii kan amma Maaraan bilbiloota isaa lamaan ittiin gurguruuf karoorfaterra rakasantu guute. Kaampaniin kun bilbiloota kana Masrii, Itoophiyaa, Aljeeriyaafi Afrikaa Kibbaa keessatti omisha. Meeshaalee barbaachisoo ammoo alaa galcha. Kaampaniin kun maallaqa doolaara miiliyoona 24'n kan ijaarame yoo ta'u, guyyaattiis bilbiloota 1,200 omishuu danda'a. Kagameen kaampaniin kun itti fayyadama smart phone biyyattii amma 15% irra jiru ni guddisa abdii jedhu qabu.
oduu-56571606
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56571606
Hidha Abbayyaa: Al Siisiin bishaan Masriin argattu hir'annaan 'naannichatti waan hamaatu dhufa' jedhan
Pirezedaantiin Masirii Abdel Fattaah al Siisii sababa Hidha Haaromsaa Laga Abbayaa Itoophiyaan ijaaraa jirtuun bishaan biyyi isaanii argattu hir'annaan 'naannicha keessatti waan hamaatu ta'a' jechuun akeekkachiisan.
"Ammas irra deebiyeen jedha, bishaan Masrii keessaa eenyullee 'coba' tokko fudhachuu hin danda'u. Kun ta'ee argamnaan garuu naannicha keessatti tasgabbii dhabiinsa hin yaadamiinitu uumamuuf deema," jedhan. "Ani asirratti eenyumaanillee sodaachisaa hin jiru, mariin keenya yeroo hunda sirriifi madaalawaadha," jechuun dubbatan Pirezidantiin Masrii. Al - Siisiin kana kan dubbatan guyyaa Kibxataa haasaa ulaa Suweezitti taasisaniini. Masiriin waldhabdeen pirojektii humna ibsaa baasii $5bn ta'een ijaaramaa jiruufi hariiroo biyyoota sadan gidduu jiru hammeesse kana irratti uumame marii Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gidduutti taasifamuun akka furamu cimsitee gaafachuu itti fufti jedhan. Itoophiyaan garuu karooruma qabatteen Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa ji'a Waxabajjii dhufu yeroo roobni waqtii Gannaa jalqabu marsaa lamaffaa guutuuf akka jirtu dubbatte. Haata'u malee, Masiriifi Sudaan ammoo osoo kun hin ta'iin dura waliigalteen tokko akka lafa jiraatu barbaadu. Mariin biyyoota sadan gidduutti deemsifamaa jiru sababa Masiriifi Sudaan giddu-galeessummaa qaamota idil-addunya kanneen akka UN, Gamtaa Awurooppaafi USA barbaadaniif danqamee jira. Itoophiyaan gama isheetiin mariin biyyoota sadan gidduutti deemsifamu akkuma Gamtaa Afrikaatiin jalqabametti itti fufuu qaba ejjennoo jedhu qabdi. Itoophiyaan bishaan biyyashee keessa jiru Laga Abbayaan osoo kaaniin hin miidhiin fayyadamuun walabummaa biyyaa akka ta'e cimsitee himaa jirti. Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dhiyeenya kana mana maree bakka bu'oota ummataaf taasisaniin kanuma dubbatan. "Bishaan guutuu ilaalchisee osoo marii sana hin xumuriin waqtiin gannaa nu darbee waggaa tokko keessatti Dolaara Biliyoona tokko dhabna," jechuun bishaan guutuu tursiisuun akka hin danda'amne himaniiru. Ministirri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Injinar Silashii Baqqalaa (PhD),, Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayyaa marsaa lammaffaa bishaaniin guutuun haala kamiiniyyuu achi butuu akka hin dandeenye dubbatanii turan. Hidhaan Haaromsaa Guddichi Itoophiyaan waggaa 10 dura baasii ofiisheetiin ijaaruu jalqabde kun Afrikaatti tokkooffaa yoo ta'u, humna ibsaa Meggaa Waatis 5,000 ol pirojektii maddisiisudha. Pirojektiin kun yeroo itti xumuramuu qaburra sababoota gara garaan kan harkifate yommuu ta'u, yeroo ammaa ijaarsi Hidhaa kanaa parsantaa 79 irra gaheera. Bara dhuftu ammoo Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa kun hanga tokko humna ibsaa maddisiisuu akka jalqabus ni eegama.
41816010
https://www.bbc.com/afaanoromoo/41816010
Dr. Nagarii Leencoo: 'Hojiin amma hojjechaa jiru hojii dhuunfaa kootii miti'
Ibsa yeroo dabre Dr. Nagariin waa'ee miidiyaalee tokko tokkorratti kennan irratti, hogganaan Abbaa taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa yaada dhuunfaa isaanii ibsatan jechuun isaanii ni yaadatama.
''Kanin hojjadhu hojii dhuunfaa miti'' Turtii Dr. Nagarii Leencoo BBC waliin taasisan Kanaaf wayita deebisan, "Hojiin amma hojjechaa jiru hojii dhuunfaa kootii miti." "Yaadni ani kenne yaada dhuunfaati jedhee namni yaadu yoo jiraate, dhaabbileen dogoggora kana hojjetan akka hin gaafatamne ukkaamsuuf yaalu ta'a, kana ni qoranna,'' jedhan. Lammiileen biyyattii yeroo garagaraatti, akkasumas iddoowwan garagaraatti lubbuu isaanii dhabaa jiru. Kun ammoo mootummaan gahumsa biyya bulchuu dhabaa jiraachuu agarsiisa yaada jedhuuf yoo deebi kennan: ''Obboleewwan keenya sababii kanaan lubbuu dhabaniif gadda koon ibsa. Eenyuyyuu taanaan seeraan ala lubbuu namaa yoo dabarse, tarkaanfiin seeraa irratti fudhatama.'' Akkamitti raayyaan waraanaa magaalota keessa seenee tarkaanfii fudhachaa akka jiru odeeffannoo isaa akka hin qabne dubbatan. ''Miilishaa fi poolisoonni naannoo ni jiru. Naannoo fi federaalli waliigalee hojjeta.'' jedhu. Labsii yeroo muddamaa? ''Yeroo ammaatti rakkoon labsiin yeroo hatattamaa akka labsamu taasisu hin jiru.'' Kutaalee biyyattii garagaraatti waldhabbiin adda addaa haa mudatan malee, wanti labsii atattamaa akka labsamu taasisu hin jiru jedhu Dr. Nagariin. Lammii eeguu fi ajjeesuu Yoo xiqqaate torban dabre keessa Ambootti lubbuun namootaa 8 darbuusaa gabaasnee turre. Kana malees, viidiyoon BBC'f ergame akka mul'isutti miseensi raayyaa waraanaa biyyaalessaa irra deddeebiin ennaa dhukaasa arguu dandeenyeerra. Gaaffiidhuma kana Dr. Nagarii gaafannee wanti jedhan, ''Raayyaan ittisa biyyaa itti gaafatamummaan isaanii inni guddaan, lammii isaanii ajjeesuu otoo hin taane, eeguu dha," jedhu. Warreen yakka kana dalaganis seera duuratti akka dhihaatan dubbataniiru. Mooraa yuunivarsiitii keessa maaliif seenu? Raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin Federaalaa hayyama malee dhaabbilee barnootaa keessa qubatee sirna baruufi barsiisuu gufachiisaa jira yaada jedhuu yoo deebii kennan: ''Yunivarsiitiin tokko namoota nagaa isaa eeguuf itti gaaftamummaan itti kenname alatti, abbumti barbaade mooraa yunivarsiitii lixee akka barbaade ijoollee dhaanuu fi ajjeesuun seeraan ala. '' Yoo kun kan tahu ta'es, fedhii yookaan waamicha pireezidaantiin naannichaa godhaniin tahuu qaba jedhu. Yuniivarsiitichi waamicha taasisuufi dhiisuusaa qulqulleeffachuuf gara Yuunivarsiitii Ambootti bilibiluun akka mirkaneessuu dandeenyeetti, poolisoonni federaalaa erga waggaa lamaati as mooraa keessa jiraachuu isaanii nutti himan. Waamichi godhamuufi dhiisuusaa bulchiinsa duraanitu beeka jechuun, odeeffannoo isaa akka hin qabnes nutti himan. Hariiroon Mootummaa federaalaa fi naannoo fayyaalessaa? ''Mootummaan federaalaa kan inni dhaabbatu, mootummoota naannoo irraati." "Takka takka garuu rakkoon hin uumamu jechuun hin danda'amu. Fakkeenyaaf naannoo tokko keessatti rakkoon tokko ennaa uumamu, mootummaan federaalaa yeroo barbaadamutti dafee deebii hin kennu yoo tahe, komiin ka'uu danda'a.'' jedhu Marii dhaabbilee siyaasaa alaa waliin? Dr. Nagariin mootummaan dhaabbilee siyaasaa biyya alaa jiran wajjiin mari'achaa jira jedhamaa kan jiruf ennaa deebisan, 'mariin wayita ammaa taasifamaa jiru hin jiru. Haa ta'u malee, mootummaan marii kamiifuu banaadha.'' jedhan.
oduu-41841235
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41841235
Manni murtii Laayibeeriyaa filannoo pirezidantii dhaabsise
Manni murtii waliigalaa Laayibeeriyaa filannoo pireezidaantummaa marsaa lammataa kibxata dhufu gaggeeffamuuf qophiin taasifamaa jir akka dhaabbatu ajaje. Kunis filannoo marsaa duraa keessa hanni ture himannaan jedhu erga dhagaahamee booda.
Taphataan kubbaa miilaa duraanii Joorj Wiihaa fi pireezidantii itti aanaan Joseef Bowaki Taphataan kubbaa miilaa duraanii Joorj Wiihaa fi pireezidantii itti aanaan Joseef Bowaki filannoo marsaa duraan qabxii qixa waan argataniif, Onkoloolessa 7 akka waliin morkatan karoorfamee ture. Haa ta'u malee kaadhimama Paartii Liibartii kan ta'eefi filannoo marsaa duraan sadaffaa irra kan ture, Chaarlas Biruumsikiinee, qabxiin filannoo marsaa duraa sirrii miti jechuun himatan. Filannoo ji'a darbee, waraana waliinii bara 2003 booda filannoo walabaa isa jalqabaa biyyattiin gaggeessite dha. Bu'aan filannichaa erga ifoomee booda poolisiin kora bittinneessaa mana murtii fi komiishinii filannoo akka tiksu godhameera. Pireezidantiin amma jiran eenyu deeggaru? Obbo Biruumsikiinee fi paartiin isaanii Liibartiin, buufataaleen filannoo yeroon banamuu dhabuun namoonni akka hin filanne gufuu ta'uu dabalatee filannoon marsaa duraa "hannaa fi rakkoolee gurguddoo kan qabu ture," jedhu. Himannaan kun hamma qulqullaa'uutti guyaan filanno akka dheeratu murteesse manni murtii. Osooma himannaan isaa fudhatama hin argannees, koomishiniin qophii barbaachisaa waan hin xumuriiniif filannoon torbee dhufuu kun harkifachuun isaa waanuma hin oolle ture. Himannaan filannoo marsaa dura keessa hanni tureera jedhu kan paartii Liibartii qofa miti, paartii pireezidantii itti aanaa Bowaki, Yuunitii dabalatee paartileen biroo lama himannaa kana ni qooddatu. Pireezidantiin amma biyyattii bulchaa jiran Eelan Joonsan Sarleef adeemsa filannichaa gidduu galanii jiru jechuunis paartiin Yuunitii himateera. Pireezidantii dubartii Afriikaa kan jalqabaa fi injifattuun badhaasa Noobeelii nagaa Eelan Joonsan Sarleef, qabxii filannoo irratti dhiibbaa geessisaniiru jedha himannaan paartichaa. Eelan Joonsan Sarleef itti aanaa isaanii deeggaruu dhabuun himataman Hariiroon Sarleef fi itti aanaa isaanii ho'aa miti. qondaaltonni paartii biyya bulchaa jiruu tokko tokko, Sarleef itti aanaan isaanii akka bakka isaanii bu'u hin fedhan jechuun gabaasaan BBC Paayee Laayilee magaala guddittii biyyatti Munorooviyaa irraa gabaasee jira. Manguddoo ganna 79, kan ta'an Sarleef garuu itti aanaa isaanii dhibbeentaa 28.8 mo'atan Bowakii, dhibbeentaa 38.4 kan mo'atan Wiihaa caalaa dachaan deeggaruu isaanii himan. Paartiin Joorj Wiihaa 'Congress for Democratic Change', "paartiin waggoota 12'f biyya bulchaa ture yeroo boo'u arguun nama gaddisiisaadha" jechuun dhimmicharratti deebii kennee jira. Pireezidant Sarleef kanneen adeemsa filannichaa keessatti qooda fudhatan hundi, filannoon naga qabeessa ta'uusaa mirkaneessuu akka qaban waamich agodhaniiru. Gamtaa Awurooppaa dabalatee taajjabdoonni idil-addunyaa rakkooleen mul'atanillee filannoo marsaa duraa irratti gaaffii cimaa hin kaasne jedha gabaasni AFP. Manni murtii paartiin Liibartii fi Komishiniin filannoo dhimmicha irratti himannaa isaanii akka dhiyeeffatan Kamisatti beellame. Ajaja mana murtii kamiyyuu akka kabajan, dubbi himaan komishinii filannoo biyyattii BBC'tti himee jira.
oduu-51922929
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51922929
Yaaddoo Koronaatiif jecha lammiileen Chaayinaa hedduun Itoophiyaa turuuf gaafataa jiru
Sababii yaaddoo tatamsa'ina koronaavaayirasiin walqabatee lammiileen Chaayinaa heduun Itoophiyaa keessa turuuf gaafachaa jiraachuun ibsame.
Lammiilee Chaayinaa hojiiwwan garaa garaatiif gara Itoophiyaa dhufuun amma vizaan isaaniif kenname xumurame, sababii yaaddoo koronaavaayirasiitiif gara biyyasaaniitti deebii'uurraa Itoophiyaa keessa turuuf hayyama gaafachaa jiraachuu isaanii qondaalli Immigireeshinii BBC'tti himan. Waajira Immigirashinii damee Daandii Qilleensa Itoophiyaatti Itti-gaafatamaa kan ta'an Obbo Ayikifaawu Gosaayee BBC'tti akka himaniitti, lammiileen Chaayinaa hedduun gaaffii vizaan akka dheerreeffamuuf dhiyeessanii deebii argataa jiru. ''Lammiileen Chaayinaa kunneenis sababii yaaddoo weerara koronaavaayirasiitiin Itoophiyaa keessa turuuf gaafatan,'' jedhaniiru Obbo Ayikifaawu. Haala kana xiyyeeffannaa keessa galchuunis mootummaan Chaayinootaafi lammiilee biyyoota biraa akka biyyattii keessa turaniif yeroo turtiisaanii dheereessaafii jira jedhaniiru. Kanaan dura seera maleessummaa to'achuuf jecha lammiilen Chaayinaa yeroon turtiisaanii akka dheeratuuf wayita gaafataniitti guyyoota 10 qofaaf hayyamamaa kan ture yoo ta'us, amma garuu haala qabatamaa addunyaa xiyyeeffannaa keessa galchuun baatii tokkoof akka dheereeffamuuf Obbo Ayikafaawu dubbatan. Kana malees, odeeffannoon miidiyaalee hawaasummaa turistoonni lammii Xaaliyaan ta'an hedduun Itoophiyaa keessa turuuf viizaa gaafataniiru jedhuuf ragaa qabatamaan hanga ammaatti argame hin jiru. BBC kana qulqulleeffachuuf jecha Imbaasii Xaaliyaanii Finfinneetti argamuuf gaaffii dhiyeesseen, gaaffiin akkasii lammiilee isaatiin akka hin dhiyaatiiniif kunis 'oduu sobaatii'' jedheera. Obbo Ayikafaaw Gosaayee gama isaanitiin oduu kana dhagahuun adda baafachuuf yaaluusaaniifi gaaffiin turistoota Xaaliyaanii jedhameen waajira isaaniiti dhiyaate omtu akka hin jirree mirkaneessaniiru.
oduu-48810130
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48810130
Tiraamp daangaa Kooriyoota lamaaniirratti Kiim Joong Uun arguuf jedhu
Dhimmi Kooriyaa Kaabaa fi Yuunaayitid Isteetis yeroo baayyee ajandaa addunyaa ta'ee darbee biyyoota biroofillee mataa dhukkubbii ta'a.
Pirezidaanti Tiraampi, walga'ii G20 irratti Keessaahuu erga Pirezidaanti Doonaaldi Tiraamp aangoo qabatanii as hariiroo biyyoota lameeniirratti inumaa kan duraanii caalaa ejjennoo daddaaqamaatu mul'ata. Hooggantoonni lameen walarganii mariif akka qophaa'an yeroo garaagaraatti ni beeksisu, garuu dhimma gabbisa meeshaalee niwukilaraa irratti wal gaarreffachuu hin dhiisan. Ammas Pirezidaanti Tiraampi Kiim Joong Uun waliin wal arguun dhimmoota garaagaraa irratti mari'achuuf akka jiran beeksisaniiru. Pirezidaantichi tuwiitarii isaaniirratti akka barreessanitti, Bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waliin daangaa Kooriyoota lamaanii iddoo 'Zoonii Meeshaalee waraanaa irraa bilisaa' jedhamuun beekamutti wal arguuf akka jiran beeksisaniiru. Bakka kanatti Kiim Joong Uun waliin wal arganii harka fuuchuun nagaa gaafachuu akka barbaadan barreessan Pirezidaanti Tiraamp. Kooriyaan Kaabaas ''kun yaada gaarii fi eebbifamaadha'' jetteetti. Donaald Tiraamp Kooriyaa Kaabaa akeekkachiisan Yaa'ii biyyoota Garee 20 Jaappaanitti geggeeffame booda Kooriyaa Kibbaa imaluun Seoul daawwachuuf kan jiran Tiraamp achumaan dhimma misooma niwukilaraa Kooriyaa kaabaarratti xiyyeeffachuun hooggana Kooriyaa Kaabaa waliin mari'achuuf akka jiran ibsaniiru. Namoonni garuu hojiin qondaaltota lameenii walitti qoosaa waan jiran fakkaatan jechuun walarguun isaanii waan dhugooomu hin fakkaatu yaada jedhu kaasaa jiru.
oduu-50970100
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50970100
EBC: 'Tajaajilli Tigiriffaa piropogaandaa TPLF tamsaasuuf ta'uu hin danda'u'
Hojii-gaggeessaan Korporeeshinii Biroodkaastiingii Itoophiyaa, EBC Dr. Nugusee Mitikkuu tajaajilli Tigiriiffaa piropogaandaan TPLF ittiin tamsa'u ta'uu hin danda'u jedhan.
Hoji-gaggeessaan kun kana kan jedhan Korporeeshinichi erga jijjiiramni siyaasa biyyattii keessatti erga dhufee booda tajaajila TVn kun Tigiriffaan dhiyeessaa jirurra dhiibaan jira qeeqa jedhuuf deebii yeroo kennan ure. Akka Dr. Nuguseen jedhanitti tajaajilli Tigiriffaa baroota darban caala amma bilisaadha. Dhimmoota siyaasa naannoo Tigraay keessatti raawwataman akka hin gabaasne tooftaalee garaagaraan dhiibbaan irra gahaa akka jiru gaazexessitootni tajaajila Tigiriffaa ni komatu. Akka fakkeenyaattis koonfiransii ummataa Sanbataafi Dilbata darbe magaala Maqaleettii qophaa'ee turerratti ibsa ejjennoo kaahame akka hin gabaafamne ta'uu, "heeraa biyyaafi federaalizimii baraaruu" mata duree jedhuun koonfiransii qophaa'ee tures akka hin gabaasne dhiibbaan taasifamuun ka'aniiru. Gaffiiwwan kanaaf deebi kan kennan Dr. Nuguseen dhimmi yaa'ii uummataa sanbata darbee Afaan Amaaraanis Tigriffaanis gabaafamuu dubbatanii, ''hojmaata miidiyaa (editorila policy) wanni faallessuu hanga hin jirretti hin gabaasinaa wanti jedhamu, af-gaaffii hin gaggeessinaa kan jedhu hin jiru'' jedhan. Saganta ''heeraa biyyaafi federaalizimii baraaruu'' jechuun Maqaleetti torban muraasa dura gaggeefamee ture ilaalchisee deebii kennaniin garuu heerr biyyaa maal ta'eetu baraarama, ABBUT baraaraayi, dhimmichi falmisiisaadha'' jechuun ilaalcha dhuunfaa isaanii itti makaniiru. ''Akka miidiyaatti taatee sana ni gabaasna, haata'u malee ibsa ejjennoo baahan irratti wanni of eeggannoon ilaallu jiraa, jijiirama dhufe kana uummatni hedduun ni deeggaraa'' jedhan. ''Editorila policy, haala qabatamaa biyyaa waliin wanna walfaallessu yoo ta'e, uummata walirratti kan kakaasu yoo ta'u fi wanna akka kanaarratti wanni of qusannu jira. Kunimmoo Tigraayiif qofa osoo hin taane Amaaraatti, Oromiyaattis, iddoo biroottis hojjeta.'' Dhimmoota uummata Tigraayiin ilaallatu hundu ni darbuu kan jedhan Dr. Nuguseen, tajaajilichi ''fedha gareef jecha fedha uummata Itoophiyaa hin gatuu'' jedhan. ''Waggoota 27darbaniif heerrii ABBUT'ti hojiirra oolchemoo wanti heera jedhamu maataan isaa jira turee'' jechuun ilaalcha dhuunfaa isaanii calaqqisaniiru. Erga jijjiiramni siyaasaa biyya keessatti dhufeen booda taateewwan jajjaboo naannoo Tigraay keessatti raawwataman akka hin gabaafamne dhibbaa gochuu, dhiyeenya kanas dubbii himtuu mootummaa naannoo Tigraay waliin af-gaaffiin karoorfame akka hin tamsaan dhorkamuu garuu gaazexessitootni tajaajila Tigriffaa komataniiru. Bilisummaan sabaa himaa kabajameera jedhamee wayita dubbatamaa jirutti, dhibbaan tajaajilli kun narra gahaa jira jedhu akkamiin ilaalama gaaffii jedhu yoo deebisan, ''bilisummaan miidiyaalee cunqurfamaa kan ture waggoota 27 darbaniif mootummaa ABBUT olaantummaa irraa qabu keessatti ture''jedhan. ''Miidiyaan akka fedhe kan taasifamaa ture waggoota darbanii amma midiyaan bilisa, yaada garaagaraa keessummessa jira'' jedhan. Tajaajilli Tigiriffaa miidiyaa ABBUT miti kan uummata Itoophiyaati. Uummatni Tigraay sagalee isaa ukkaamfame kan itti dhageessisuudha. Adaan, duudhaafi misoomnii uummata Tigraay kan itti dhagaahamu malee, tajaajila propogaandaan ABBUT ittiin tamsa'u ta'uu hin danda'uu'' jedhan. ''Tajaajilli kun baroota kamuu caala amma dhiibbaarraa bilisa ta'ee hojjechaa jiraa. Yoo rokkoon isaan qunnamee jiraate na dubbisuuttu irra jira. Hanga ammaa komiin kun na bira hin dhufnee jedhan.
oduu-46356300
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46356300
Baqattoota Yaman: 'Namni akka itti bahu beeka malee akka itti deebiyu hin beeku'
Baqattoonni Itoophiyaa Yaman keessa jiran hangi tokko Jaarmiyaa Gargaarsa Baqattootaa IOMtiin deeggarsa taasifamuufiin biyyatti deebiyaa jiranis, kanneen hafan hedduun jireenya hamaa keessa jiraachuu iyyataa jiru.
Simiret Mahaarii imalli gara Sawud Arabiyaatti taasiftu hin milkaa'iin hafee ji'oota shanan darban biyya waraan goolamtuufi haalli jireenyaa hedduu itti hammaatte Yaman keessa jirti. Warra carraan gara biyya isaaniitti deebiyuun isaan hin qaqqabne hedduu keessaa tokkodha. "Waanti tokko nuuf hin godhamne. Ani miillikoo citeera. Osoon gara Sawudii seenuuf jedhaa jiruu miillakoo na rukkutanii narraa cite. Warri biyyatti nu deebisuuf jedhan yeroo darbe nu galmeessaniiru garuu amallee teenyee eegaa jirra. Isa miillikoo cites wallaansa gahaa hin arganne," jetti. Abdii Xaayiris jireenya hadhaawaa biyya Yaman keessa taa'anii Rabbi qofa eeggachaa jirra jedha. Biyya deeman ga'uu hin dandeenye, biyyaa keessa jiran Yamanillee yeroo kanatti baayyee rakkisaadha. Gara biyyatti deebiyuuf ammoo fedhii qabaatanis waan ittiin deebiyan akka hin qabne dubbata. "Namni akka itti bahu beeka malee akka itti deebiyu hin beeku. Amma gara biyya itti deemuuf turre osoo hin taane, garuma biyya keenyaatti deebiyuufillee carraa ittiin deebinu akkamiin arganna jennee eeggachaa jirra," jedha. Akka baqqattoonni lammiilee Itoophiyaa Yaman jiran BBC'tti himanitti baqattoonni ji'a muraasaa jalqabee hanga waggaa digdamaatti biyya waraanaan diigamte kana keessa jiru. Rakkoon Yaman keessa jiru gidiraa baqattoota biyyattii keessa jiran daran akka hammeesse BBC'tti kan himan baqattoonni kun qaamni kamiyyu akka isaaniif birmachuu taasisuuf iyyachaa jiru. Mohaammed Ibraahim baqattoota Yaman 103 gargaarsa IOMiin taasifameefiin warra biyyatti galaa turan keessaati. Buufata Xiyyaaraa Sana'aa irraa gara biyyaatti deebiyuudhaaf bakka dabare qabatee jirurraa yeroo dubbatu, namoonni qaama hir'ataniifi darara mana hidhaa keessa turan warra galaa jiran kana keessatti argamu jedha. "Namoonni osooma karaa deemanii rasaasaan dha'amanii harka, miila hin qabne ykn qaamaa hir'atanitu amma gara biyyaatti galaa jiru." Ofii isaallee rasaaasaan rukkutamee miilli isaa mirgaan kan irraa cite Mohaammed, " Namoota hedduu na biraa rasaasaan rukkutamanii utuman ilaaluu lubbuun keessaa baate nan yaadadha," jedha. Qondaala Komunikeeshinii IOM kan ta'an Obbo Alamaayyoo Seyifesillaasee baqattoota Itoophiyaa 418 Yemen keessaa biyyatti deebisaa akka jiran beeksisanii sababii baqattota kana osoo rakkoo jabduu hin saaxilamiin hin deebisiin turanis dubbataniiru. Akka Jaarmiyaa kanatti, haalli qilleensaafi nageenyi biyya sanaa rakkisaa ta'uudhaan irra harkifachuu danda'eera jedha. Akka aanga'aan kun jedhanitti kan biyyatti deebisuun danda'amu warra seera qabeessa ta'aniifi deebiyuudhaaf fedhii qabanidha. Sagantaan biyyatti deebisuu kunis si'a takkaatti waan hin danda'amneef buufata dhaabbatichaa keessa turanii dabareedhaan akka deebiyan taasifamu jedhan. Biyyoota imbaasiin Itoophiyaa keessa hin jirre baqattootaaf rakkisoo ta'an akka Yamaniifi Liibiyaa keessatti baqattoonni buufata IOM biyyoota akkasii kana keessa jiran deemanii waraqaa eenyummaa/paaspoortii isaanii agarsiisanii gargaarsa barbaachisu argachuu yaaluu akka danda'an Obbo Alamayyoon himaniiru.
oduu-50312780
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50312780
Awustraaliyaa: Gareen kubbaa miilaa dubartoota miindaa kan warra dhirotaa waliin walqixa argachuuf
Gareen kubbaa millaa dubartoota Awustraaliyaa, Matildaas jedhamuun beekaman, mindaafi faayidaaleen biroo hedduu kan garee dhiirotaa waliin walqixa akka argatan taasisu waligaltee seenaa qabeessa mallatteessan.
Kana jechuun taphattonni dubaraafi dhiiraa ciccimoon kaffaltii miindaa walqixa argatu jechuudha jedha Waldaan Kubbaa Miilla Awustraliyaa (FFA). Garuu taphoota isaani irratti badhaasi maallaqaa irra caaluu waan dhiyaatuuf dhiirooti ammalle irra caalaa ni argatu. Gareen kubbaa millaa dubartii Awustraaliyaa ykn Matildaa ammatti addunyaarra sadarkaa 8ffaa irratti yeroo argaman gareen kubbaa millaa dhiiraa Awustraaliyaa ykn Sokkeroos ammoo sadarkaa 44 irratti argamu. "Kun garaagarummaa mindaa korniiyaa jidduu jiru furuuf Sokkeroosiifi Matildaas jidduu jiru furuu irratti tarkaanfii guddaadha," jedhu hogganaan FFA Deevid Gaalop Waliigaltee kana irratti, gartuun lamaanuu galii daldala walqixa, kan akka beeksisaa ni argatu, akkasumas taphatonni gatii walqixaan ni madaalamu. Dabalannis Matildaas haalawwan leenjii walfakkaataafi bu'aalee biraa kan akka imala xiyyaaraa irratti kutaa olaanaa kan warri Sokkeroos amma fayyadaman ni argatu. Garaagarummaan mindaa korniiyaa jidduu jiru Adoolessa Wancaa Kubba Miilaa dubartoota Addunyaa booda marii guddaa kaasee ture. Awustraliyaan taphatoota dubaraafi dhiraaf kaffaltii walqixaa kennuun Niw Zilaandiifi Norweeyitti makamtetti.
oduu-40998984
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-40998984
Bu'aalee kalaqaa Ardii Afriikaa beekuu qabdan keessaa
Rakkoolee amma jiran:
1. Kalaqa humna ibsaa gandoota baadiyyaatiif Humna ibsaa badiyyaatti yoo itti fayyadaman Yeel Invaayiroment 360 akka mirkaneessetti, waliigalatti addunyaa irraa namoonni biiliyoona 1.3 ta'an humna elektrikaa hin argatan. Jiraattoota baadiyyaa fayyadamtoota humna ibsaa maddawwan gurguddaa taasisuun rakkisaa ta'usaatiin alattis, maddawwan humna ibsaa aduun hojjatan baramanis humna murtaa'aa qofa maddisiisu. Furmaata: Dhaabbanni 'Steamaco' jedhamu tokko elektiriikii humna aduu fi baatiirii qofa irraa madduun ganda tokkoof tajajila ibsaa kennuu danda'eera. Attamiin hojjataa: Raabsaan humna ibsaa gadaanaan waan haaraa miti. Haa ta'u malee, qaamni haaraan teeknoolojii Steamaco kana adda taasisu tokko sirna ofumaan humna elektirikaa to'achuu isaati. Kanaafuu, sirni kunis yoo humni ibsaa bakka tokkootti barbaachisummaan isaa ol ka'u, fakkeenyaaf, Sambata galgala yoo namoonni ibsaa caalaa barbaadanitti, ykn erga aduun lixeen booda bakka humna dabalataa argachuun hin danda'amnetti, bakkawwan nammoonni humni ibsaa osoo citee baayyee hin hubamnetti ofumaa akka dhaabatu taasisa. Kana malees, sirnichi dhaabbileen akka hospitaalaa hojiisaanii akka itti fufaniif jecha tajaajilli manneen jireenyaa irraa akka dhaabatu taasisa. Kanas maamila hundaafuu ergaa barreeffamaa erguun beeksisa. 2. Kalaqa jaakkeeta dhukkuba sombaa adda baasu Jaakkeeta dhukkuba sombaa adda baasu Rakkina amma jiru: Dhukkuubni sombaa waggaa waggaan daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadii kuma 27 ajjeesa. Irra caalaan sababa du'a kanaas dhukkubichi akkuma busaa haalaan yaalamu dhabuu irraa kan ka'eedha. Furmaata: Injinarri lammii Ugaandaa Briyaan Turyaabaagye jedhamu jakkeeta wal'aansaa 'smart jacket' jedhamu dhukubbii sombaa hatattamaan fi sirritti adda baasu kalaqeera. Jakkeetichis ho'ina qaamaa fi ammeentaa argansuu daa'ima dhukkubsatu safara. 3. Kalaqa Taabileetii (Komputera xiqqaa) fageenya irraa haala onnee agarsiiftu Tableetii kanaan onneen namoota rakko onnee qabanii yeero yeroon hordofama Rakkoo amma jiru: Namootni baadiyyaa jiraataniif lafa fagoo deemuun ogeessa onnee argachuun rakkisaadha. Fakkenyaaf biyya akka Kaameruun uummata miliyoona 20 ta'an qabdutti ogeessota onnee 50 qofatu argama. Furmaata: Namni Artuur Zaang jedhamu hojattoonni fayyaa baadiyyaa jiran firii qorannoo onnee karaa taabileetii ogeessota onnee magaalaatti argamanitti akka ergan gochuuf meeshaa kaardiyoo paad (Cardio pad) jedhamu kalaqeera. Attamiin hojjata: Kaardiyoo Paad kunis hospitaalotaa fi kilinikoota biyya Kaameruunitiif kafaltii malee kan raabsamu yoo ta'u, dhukkubsatootni onnee waggaatti dolaara 29 qofa kanfaluun fayyadamu. Meeshichis haala hojii onnee namoota dhukkubsatanii galmeesse kan qabatu yoo ta'u, sakandoota muraasa keessatti qo'annoo onnee gara kilinika ogeessoota jiddu gala magaalaatti argamutti ni erga. Kalaqni kunis bara 2016tti abbaa taayitaa Kaameeruuniin beekkamtiin kan kennameef yoo ta'u, bara 2017 keessa namoonni heedduun meeshaa kana kiliniika isanii keessatti argachuu akka danda'an illeen tilmaamameera. Isinis kalaqawwan haaraa namoonni biraa beekuu qabu jettan yoo qabaattan nuuf ergaa ni simannaa!
oduu-52530062
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52530062
Koronaavaayiras: Taateewwaniifi tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran beekuu qabdan shan
Waa’ee koronaavaayirasii wantoota beekuu qabdan shan.
1. Uggurri kaafamee booda bakkawwan hojii waan fakkaachuu malu Dhuma torbee kanaarratti MM UK akkaataa biyyattiin uggura keessaa ittiin baatu ifa gochuuf jiru. Isa dura BBC’n seeronni bakka hojii maal akka fakkaatan ilaaleera. Isaan keessaas, bakka tokkotti walitti qabamuun mariyachuu dhiisuu, kochoon hojjetoota ramaduun lakkoofsa hojjattoota hir’isuufi manaa hojjachuu itti fufisisuudha. Meetira lama walirraa fageenya eeggachuu kan jedhu garuu maamiltootaafi waaheloota hojiif qabatamaan hojiitti hiikuuf yeroo hundaa kan danda'amu ta'uu dhiisuu mala. 2. Akeekkachiisa geejjiba ummataarratti Geejjibni ummataa deebi'ee hojii jalqabuuf of eeggannoo addaa feesisa. Fakkeenyaaf, waldaaleen geejjiba baaburaa MM Booris Joonsaniif xalayaa barreessaniiru. Isaanis dabalamuu tajaajila baaburaarratti “yaaddoo guddaa” qaban ibsaniiru. Xalayichis hojjattootaafi imaltoota balaadhaaf saaxiluun “gonkumaa fudhatama hin qabu,” jedha. 3. Addunyaan ‘walitti dhufuu qabdi’ MM Booris Joonsan carraaqqii talaallii koronaavaayirasii addunyaan taasistuuf maallaqa doolara biiliyoona 8.3 sasaabuuf karoorfameef gaggeessitoota mallattoo isaaniin mirkaneessan keessaa isaan tokko. Sochiin maallaqa sasaabuun Biraaselsiin durfamu kun erga biyyoota akka Faransaay, Ispeeniifi Xaaliyaan lammiileesaanii hedduu sababa COVID-19 dhaban hir’ataa dhufeen booda kan yaadameedha. 4. Digirii Onlaayiniitiif kaffaltii guutuu Barattoonni UK birraa keessa barnootasaanii kan jalqaban yoo ta’e kaffaltiin isaanii hin hir’atuuf. Seektarri kun sababa barattoonni biyyoota biroo hin jirreef rakkoon bajataa isa mudateera waan ta’eef yunivarsiitileen rakkoo kana furuuf lammiilee biyyattii akka galmaa'an ni jajjabeessa. 5. Yaalii qoricha wallaansaa haaraa Yeroo ammaatti wallaansi muraasni dhibee koronaavaayirasii milkaa'aa doktaroonni siistema dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu dhukkubsatootaa irratti hundaa'uun hojjechuutti jiran jiru. Haa ta'u malee, qorichi haaraan saayintistoota UKtiin yaalamaa jira. Qorichi kun Hospitaala Yunvarsiitii Saawoozhampiteenitti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, bu'aan jalqabaa qorannoo kanaa dhuma Waxabajjii barama.
oduu-48186366
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48186366
Ji'a Ramadaanaa: sa'aatiiwwan soomanaa biyyoota garagaraatti
Jiini Ramadaanaa eegaleera. Ramadaan Kariim!
Muslimoonni biyyoota garagaraa keessa jiran, sa'aatiin fixirii isaanii garaagarummaa qaba. Tarii biyya amma jirtan keessaa gara biyya biraatti imaluuf karoora qabdu taanaan, 'graphics' kun yeroo biyyoota garagaraa keesa jiru isinitti hima. Biyyoota kaarticharra mullatanirra cuqaasuun odeeffannoo argattu. Hubachiisa: Haalli sa'aatii akkaata magaalaa guddoo biyyootaan Madda: aladhan.com fi islamicfinder
oduu-53820776
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53820776
Ministirri Muummee Itoophiyaa qondaaltota 10 haaraa muudan
Ministirri Muummee Itoophiyaa qondaaltota 10 haaraa muudan.
Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa kan turaniifi dhiheenya miseensummaa koree jiddugeessaa paartii Badhaadhina damee Oromiyaa keessaa yeroof dhorkamuun kan himamee obbo Lammaa Magarsaa aangoorraa kaafamuun bakka isaaniitti namni biraa muudameera. Bakka obbo Lammaatti Dr Qana'aa Yaadataa Minisitira Raayyaa Ittisaa ta'uun mudamuusaanii ragaan fuula feesbuukii MM irratti maxxanfame ni mul'isa. Kana malees, Geediyoon Ximootiwoos(PhD) abbaa alangaa waliigalaa ta'uun yoo mudaman, Dr Saamu'eel Hurkaatoo ammoo Ministira Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo ta'un muudamuun isaanii barameera. Kantiibaa ittaanaa magaalaa Finfinnee kan turan injinar Taakkalaa Uumaa ammoo Ministira albuudaa fi boba'aa ta'uun mudamuun barameera. Haaluma walfakkaatuunis obbo Tasfaayee Dhaabaa, itti aanaa abbaa alangaa waliigalaa, Obbo Yohaannis Buwaayyaalaw, Daarektara Olaanaa Institiyuutii qorannoo tarsimoo quunnamtii alaa ta'anii muudaman. Obbo Nugusuu Xilaahun ammoo Komishinara Komishinii Carraa Hojii Uumuu, Injinar Indaawwaq Abbitee ammoo daarektara ittaanaa Koroporeeshinii hojii sibiilaa fi injinarjii ta'uun mudamaniiru. Kana malees, Obbo Fiqaaduu Tsaggaa ammoo ittaanaa abbaa alangaa waliigalaa yoo ta'an, Pirofeesar Hiruut Walda Maariyaam, sadarkaa ministeeraatti gorsituu damee hawaasummaa Ministira Muummee ta'uun muudamaniiru. Injinar Taakkaalaa Uumaa aangoorrraa ka'usaanii ilaalchee fuula feesbuuk isaaniirrati ergaa dabarsaniin, waggoota lamaan darbaniif jiraattoota magaalaa Finfinnee tajaajiluunsaa akka gammachiseefi rakkoolee magaalattii hiikuufis kan danda'ameef mara taasisaa turu ibsan. ''Dargaggoofi barattoota qabannee imalleerra. Eegereef yaaduu keenyaaf ragaawwan keenya. Akkasumas kanneen humna hinqabneetti dhiyaachuu dhaggeefachuun ba'aasaanii qooddachuuf kan nuuf danda'amee hunda goonneera,'' jechuun turtii hojiisaaniirratti yaadasaanii ibsan. Kana malees Magaalaa Finfinnee hooggannuun carraa olaanaadha kan jedhan injinar Taakkalaan, 'carraa seenaadhaan' argannee akka akkasumaan hinbanneef yaalii taasifneerras jedhan.
oduu-42193326
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42193326
Ramaddii garee Waancaa Addunyaa 2018
Ramaddiin Waancaa Addunyaa 2018 beekamee jira.
Yeroo shan kan injifatte Biraaziil, injifattuu yeroo darbee Jarmanii, Arjantiinaa, Awustraaliyaa, Beeljiyem, Kolombiyaa, Koostaa Riikaa, Kirooshiyaa, Deenmaark, Masirii, Ingilaand, Firaans, Ayislaand, Iraan, Jappaan, Meeksiikoo, Morokoo, Nayjeeriyaa, Paanaamaa, Peeruu, Poolaand, Poorchugaal, Sa'udii Arabiyaa, Senegaal, Sarbiyaa, Kooriyaa Kibbaa, Ispeen, Siwiidin, Siwiizarlaand, Tuniziyaa fi Uraaguwaay biyyoota 31 gara Raashiyaatti imalanidha. Ofii, biyyoonni kunneen garee kam keessatti ramadamani? Seenaan isaanii hoo maal fakkaata? Taphattoonni ciccimoo gareelee kanneenii eenyu, leenjistoonni isaanii hoo eenyu? Hidhaawwan kunneen yoo cuqaastan, odeessa guutuu argattu. Biyyoota Garee A Biyyoota Garee B Biyyoota Garee C Biyyoota Garee D Biyyoota Garee E Biyyoota Garee F Biyyoota Garee G Biyyoota Garee H
oduu-50217987
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50217987
Talaalliin haaraan dhukkuba daranyoo sombaa argame
Talaalliin wal'aansa dhukkuba daranyoo sombaa haaraan argame.
Indiyaan dhibee daranyoo sombaa qabaachuudhaan addunyaaarraa jalqabarra jirti, Waggaatti namoonni miiliyoona 2.8 ta'an ni qabamu Qorattoonni dawaa kana argatan talaallichi dhibee daranyoo sombaa yeroo dheeraaf akka namarraa ittisu ibsan. Dhibeen kun addunyaarratti waggaa waggaan namoota miiliyoona 1.5 ajjeesa. Dhibeen saffisaan tatamsa'u kun baakteeriyaadhaan dhufa. Talaalliin amma kennamaa jiru, 'BCG jab' jedhamu dhibee kana ittisaa hin jiru. Talaalliin haaraan kun yaaliidhaaf hojiirra oolee milkaa'ullee garuu iyyama seera qabeessa argachuuf waggoota itti fudhate. Gareen qorattootaa addunyaa bakkeewwan garaagaraa irraa walitti dhufan talaallii haaraa kana argachuusaanii yaa'ii fayyummaa fayyummaa sombaa Kibba Indiyaa magaalaa Hyderbad keessatti gaggeeffamerratti ibsan. Gareen kun talaallii kana pirootiinii baakteeriyaa irraa kan hojjetaa ta'uu dubbatan, dawaan kun dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaama namaa dabala. Talaalliin kun hanga ammaatti Afriikaa Kibbaa, Keeniyaa fi Zaambiyaa keessatti namoota 3,500 irratti yaalameera jedhan qorattoonni. Ogeessi Dhibee Daranyoo Sombaa David Lewinsohn BBCtti akka himetti talaalliin haaraan kun waan mara kan jijjiireedha. Dhibeen daranyoo sombaa sirna hargansuu haalaan miidha Dr Lewinsohn talaallii haaraan kun iyyama seeraa argatee hojiirra ooluun dura namoota hedduu biyyoota addunyaa garaagaraa irratti yaalamuu qaba jedhan. Bara 2018 keessaa namoonni miiliyoona 10 dhibee daranyoo sombaatiin qabamaniiru, yeroo dhihoo as lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii garuu adda hin baafamanin harka tokko sadaffaa baay'ina uummata addunyaa ta'a jedha Dhaabbati Fayyaa Addunyaa. Namoonni baakteeriyaan dhibee daranyoo sombaa qaamasaanii keessa dhokatee jiru carraan dhibechaan miidhamuusaanii dhibbeentaa 5 hanga 10ti. Dhibee daranyoo dawaa dandamatu yookiin kan dawaadhaan walbare fayyaa hawaasa addunyaaf yaaddoo guddaa ta'eera. Nama dhibee daranyoo sombaa qabu erga qorannoon gaggeeffamee booda Biyyoonni Addunyaa saddeet iddoowwan dhibeen daranyoo sombaa itti mudatan keessaa harka lama sadaffaa qooddatu. Isaanis: India (27%), China (9%), Indonesia (8%), the Philippines (6%), Pakistan (6%), Nigeria (4%), Bangladesh (4%) fi Afriikaa Kibbaa (3%). Addunyaarratti Indiyaan dhibee daranyoo Sombaa qabaachuudhaan sadarkaa jalqabaarra jirti. Waggaatti lammiileen Indiyaa 400,000 dhibee kanaan du'u.
oduu-56122145
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56122145
Konkolaataan Nasa 'Perseverance' erga Maarsiirra qubatte booda 'haala gaariirra' jirti
Amma konkolaataan haarayaa dachii Maars geesseetti.
Ejansiin hawaa Ameerikaa konkolaataa (rover) maqaa Perseverance jedhamu kennameef, milkaa'inaan Maarsiirra qubachiise. Konkolaataan kun dhooqa guddaa mudhii lafaa pilaaneetii kanaatti kan argamu Jezero jedhamu maddii qubatte. ''Oduun dansaa jiru, akkan yaadutti xiyyaar-samiin kun haala gaariirra jirti,'' jedhan qondaalli piroojektichaa Maat Waalaas. Injinaroonni Nasa bakka to'annoo ergama kanaa Kaalifoorniyaa turan, wayita oduun qubachuu mirkanaa'etti gammachuun lafaa ka'an. Konkolaataan miila jaha qabdu kun, yoo xiqqaate waggoota dhufan lamaaf dhakaa uruun odeeffannoo sassaabdi - kunis jireenyi as gubbaa amma dura jiraachuufi dhisuu baruuf gargaara. Perseverance Maars gahuuf ji'oota jaha oliif imalaa kan turte yoo tahu, fageenyi imaltees kiiloomeetira miiliyoona 480. Lafti gadi-dhooqaan Jezero jedhamu kun, waggoota biiliyoonaan dura haroo guddaatu keessa ture jedhamee yaadama. Bakka bishaan turetti ammoo, jireenyi jiraachuun isaa waan hinoolledha. Suuraa kaameeraa Perseverance kanarraa gaaddidduun harka roobootii ni mul'ata Ergaan Perseverance nagaan lafarra qubachuunshee kan to'attoota qaqqabe sa'aatii GMT 20:55 irra ture (akka biyyaatti halkan keessaa 5:55). Otoo akka duraanii tahe silaa jarri walhammachaa, harka rukutaafaa ol utaalaa gammachuusaanii ibsatu turan. Amma garuu sababa koroonaavaayirasiif jecha, otoo walitti hin siqin achumatti harka walitti buusan. Tahus garuu gammachuun isaanii irraa hin godaanne. Hanguma suuraaleen lama ergamanitti harka rukutuun itti fufee ture. Suuraaleen kunniin kan kaafaman kaameeraa injinariingii qulqullina guddaa hinqabneeni. Leensiisaas golgaa leensiin haguugamee ture - awwaarris gariin haguugee ture. Xiinxalli qubannaan booda akka muldhisetti, konkolaatattiin bakka isheen qorachuuf karoorfatterraa km2 gara kibba bahaan Jezero keessa qubatte. ''Bakka walqixxaataa tahe qubanne. Konkolaatattiin diigrii 1.2 tahu qofa naannofte ykn dalga galte,'' jedhe Allen Chen kan garee qubannaa hoogganu. ''Bakka qubannaa keenya milkaa'inaan arganneerra. Konkolaataan keenya nagaan lafarra jirti. Garee koofis kana gochuusaaniif hedduun gammada.'' Teknooloojii toonii tokko ulfaatu: meeshaalee torba, kaameeraa hedduu, maayikiroofonootaafi meeshaa itti qottu Maarsirra qubachuun guddoo cima. Naasaan gama kanaan muuxannoo guddaa haa qabaatuyyuu malee, namni garee Perseverance keessa jiran hunduu ofeeggannoo cimaan haasawu turan. Konkolaataan (rover) ulfaatina toonii tokko (kiiloo 1000) qabu, ejensii hawaa Ameerikaan Maarsirra yeroo qubsiifamu kuni isa lammaffaati. Inni qaraa 'Curiosity' kan jedhamu oggaa tahu, lafa dhooqaa biraatti bara 2012tti qubsiifame. Teknooloojiiwwan qubannaa haaraan itti yaalamanii turan. Kalaqoonni kunninis konkolaataa amma qubatte Perseverance'f galtee tahaniiru. Suuraa lammeessoo Jezero Crater irraa ergame
oduu-52473114
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52473114
Yeroo dhumaatiif xalayaa barreessitanii poostaan kan namaaf ergitan yoomi?
Yeroo dhumaatiif xalayaa dhuunfaa namaaf kan barreessitan yoomi?
Jabana ammayyaawaa tahe kanatti xalayaa harkaan barreessanii erguu fi fudhachuun waan dur hafe wahii isinitti fakkaachuu danda'a. Haatahu malee, yeroon weeraraa kun tajaajilli poostaa ammallee hagam addunyaarra akka hojjetu ifa godheera. Addunyaarratti hojjettoonni poostaa miiliyoonaan lakka'aman akkamiin weerara koroonaavaayiras lolaa jiru? Meeshaalee barbaachisoo dhiyeessuun Tajaajilli poostaa nyaata, qoricha, maallaqa, meeshaalee ofeeggannoo akkasumas uffata xuraa'e geessuun tajaajilaa jiru. Akka Waldaan Poostaa Addunyaa (UPU) jedhutti, addunyaa gubbaa hojjettoota poostaa miiliyoona 5.5 fi waajiraalee 650,000 oliitu jiru. Kunis yeroo dhiphinaa kana keessa daddabarsa fee'umsaas murteessoo isaan godha. Awustiraaliyaa, Filiippins, Singaappoor, Baangilaadash, Yuukireen fi Naayijeeriyaan biyyoota tajaajila poostaa qorichoota itti erguuf gargaaraman keessaayi. Paakistaanitti hojjettoonni poostaa maallaqa sooramaa kee hanga manaatti sii fidu. Swizarlaanditti ammoo haga uffatakee miiccuutti si tajaajilu. Qorsa Awustiraaliyaan doolaara miiliyoona 25 lammileef qorichi manatti akka dhufuuf ramadde. Waggaa tokkotti guutuu biyyattii keessa yeroo miiliyoona 465f mana qorichaatti deddeebi'u. Kanaaf qoricha manatti geessuun tajaajilli poostaa biyyattii, deddeebii mana qorsaatti godhamu hir'isuuf kaayyeeffateera - keessattuu kanneen humna hin qabneef. Tajaajilli poostaa Naayijeeriyaa NIPOST, guutuu biyyaatti qarqaarsa namoomaa, qorichootaafi meeshaalee yaalii fayyaa deddeebisuuf qophii tahuu yaada dhiyeesseera. Dhaabbanni kun waan jedhu, dameelee qabu 1400tti fayyadamuun hojii kana hojjechuuf karoorfachuu beeksiseera. Maallaqa geessuu Paakistaanitti tajaajilli poostaa namoota soorama bahan miiliyoona 1.5 ta'aniif maallaqa sooramasaanii raabsuu eegalaniiru - kunis warren umuriin jaaran akka ofeeganii mana turaniifi. Guyyoota jalqabaa lamaan keessa, namoonni 200,000 ol ta'an balballi isaanii ruruukutamee maallaqasaanii fudhataniiru. Tajaajilli poostaa Baangilaadash konkolaattota fee'umsaa haguugaman 60tti fayyadamuun meeshaalee ofeeggannoo (PPE) fi meeshaalee qorannoo koroonaavaayirasiif barbaachisan, kutaalee biyyaa 64 biyyattiin qabdu hundatti geessaa jiru. Maangoo geessuu Indiyaatti, dhaabbanni poostaa qonnaan bultoota maangoo oomishan gargaaraa jira- qonnaan bultoonni kunniin gabaan cufamuusaatti haalaan kan miidhamaniidha. Qonnaan bultoonni hedduun carraa oomishasaanii mankuusaa qorraa/qabbanaa'aa keessa kuusuu hin qabani. Kunis oomishni isaanii shame akka badu taasisa. Kutaa biyyaa Kaarnaataakaa keessatti kana qolachuufi tajaajilli poostaa qonnaan bultootaafi fayyadamtoota walitti fidaa jira. Hojjetaan poostaa ajaja maangoo fudhatee fayyadamaa bira geessa. Tajaajiloonni poostaa Sirii Laankaa fi Viyeetnaam keessaallee, gurgurtoota waliin waliigaluun meeshaalee nyaataaf barbaachisaniifi kanneen biroo geessaa jiru. Awurooppaatti - Firaans, Ispeen fi Cheek Rippabliik keessa dhaabbileen poostaa jaraa, tajaajila nyaata geessuu kennaa jiru. Iddoo tokko tokkotti, sababa ugguraaf tajaajiloonni yeroo kaan nyaata geessaa turan, amma cufamaniiru. Daabboo geessuufi uffata xuraa'e fudhachuu Tajaajiloonni poostaa haalicha wajjin gaggeeddaramaa jiru. Swiss Post tajaajila amma dura poostaa waliin hidhata hinqabne, kanneen akka daabboo dhiyeessuu kennaa jiru. Waraanni biyyattii weerara kana ittisuuf jecha loltoota 150,000 bobbaaseera. Loltoonni dabareerraa jiran torban sadiif gara manaa hin galan. Kanaaf jecha tajaajilli poostaa huccuun isaanii xuraa'e gara manaa isaanii geessuuniifi akka miiccamu gochuun, akka jarri bareedanii mul'atan gargaaraa jiru. Addaan ciccituu Tajaajiloonni poostaa hojiilee dansaa akkasiifaa haa hojjetan malee, tajaajiloonni kunniin weerara kanaan miidhamuun isaanii hin oolle. Daangaan biyyootaa fi imala qilleensaa ugguramuu isaatiin hojiin poostaa daran akka gadi bu'u godheera. Dhaabileen kunniinis hojiisaanii haala amma jiru waliin geggeeddaruun gabaa keessaa akka hin baane godhaa jiru. Akka Waldaan Poostaa Addunyaa (UPU) tilmaamutti, bara dabre waliin wayita madaalamu daddabarsi poostaa harka 15n gadi bu'eera. Dhaabbileen poostaa muraasni tajaajila isaanii guutummaatti dhaabaniiru, kaan ammoo xalayaa idiladdunyaa hin fudhatan jedha waldichi.
oduu-47387010
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47387010
Namtichi himata dogongoraan ganna 38 hidhame, beenyaa $ miiliyoona 21 argate
Dhugaafi aduun bulaniitu mul'atu jedhama.
Namtichi Kaalifoorniyaa himannaa sobaatiin waggoota 38'f erga hidhamee booda beenyaa $ Miliyoona 21 kaffalameef. Kireeg Koolii, maanguddoon ganna 71 yoo ta'an, Ameerikaa bulchiinsa Kaaliforniyaatti bara 1978 hiriyaasaa duraaniifi ilmasaanii ajjeesan jedhamuun itti murteeffame. Kireeg hanga ammaatti yakka kanarraa an bilisa jechuun daran mormu. Ragaa qo'annoo qaccee sanyii ykn DNA gaggeeffameen bara 2017tti mana hidhaatii bahe. Seenaa mana hidhaa kutaa biyyaa Kaaliforniyaa keessatti nama ragaa dogongoraan yeroo dheeraa hidhame ta'eera. Beenyaan Abba Kireegif kanfalamu kunis korojoo maallaqaa magaalaa Simii Vaalii jedhamturraa baha. ''Maallaqni waan Mr. Kolii irra gahe bakka hin bu'u. Garuu dhimmichi akka xumuramu gochuun hawaasa keenyaafis ta'ee Mr. Koliif sirri ture,'' jedhan bulchaan magaalattii Erik Leevit 'Mana hidhaa keessa warra kaaniif fakkeenya ture' Mr. Kolii duula Veetanamitti hirmaatanii lubbuun nama hafan yoo ta'an, dubartii Rondaa Winch jedhamtu fi daa'ima ishii ganna 4 ajjeeftee jedhamee himatame. Winch gudeedamte achiis hudhamtee gamoo magaala tokkoo keessatti argamte. Yakka kana raawwaachuun Mr. Koliy shakkamee dhaaddachatti yeroo 2 erga dhiyaate booda umrii guutuu mana adabaa akka turu itti murta'ee. Yakka akkasii raawwachuun garuu sana dura himatamee hin beeku. Waggoota 40tti dhiyaatuuf mana adabaa erga turee booda bulchaan Kutaa bulchiinsa kana adabbii hidha haqummaa hin qabnefi adda ta'e, kan ibsuuf nama rakkisuuf madeessuu, hidhamtoota keessa nama fakkeenya ta'e jechuun Los Angeles Times tti himaniiru. ''Waggoota 40tti dhiyaatu duubatti deebi'ee haadha daa'ima fi daa'iman jaaladhu kana mufachiisuu hin barbaadus,'' jedhan. Poolisiin yakka kana qorataa tures bara 1989 namni kun akka gadhiifaman gaafate ture. Poolisiin ammas nama haadha daa'imaa fi daa'imsashi ajjeesse adda hin baafne.
oduu-46373923
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46373923
Sangaan Awustiraaliyaa guddichi Niikars jedhamu gurguramuu hin dandeenye
Niikars loon kuma isa marsanii dheedan olitti mul'ata.
Niikars yeroo homaa sangootaan waliin deema Sangichi dhalatee waggaa torba keessatti kg1400 ulfaatuufi m1.94 dheeratu loowwan biyyattii miiliyoonaan lakkaawwaman hunda ni caala jedhameera. Guddinnii isaa mararaa isa godheera. Abbaan loonii Jii'oof Piirsan yoo gurguruuf yaaleyyuu namooti foon gurguran 'kana dandeenyee hin qallu' jechuun didan. Niikaris kanaan qalmarraa hafe. Kana booda jireenyasaa guutuu hara Piriistan Kibba Parzitti argmtu bukkeetti loowwan biroo eegaa dabarsa. Abbaan sangaa Piirsan gaaffiifi deebii gaazexeessitoota irraa dhufuun muddaman kana boodas 'Niikars jireenyasaa itti fufa' jedhu Abbaa qabeenyummaa irraa gara harka namaa ilaaluutti Niikars gaafa bitamu leenjisaa( sangaa loowwan biroo hogganu) sangoota kaanii haa ta'uf ture. ''Yeroo dhuferraa qabee sangoota biroo hunda ni caala ture, yeroo warri kaan qalmaaf ergaman inni ni hafe. Miidhaas nurra geessisaa hin jiru.'' Garuu yeroo tahe booda qonnaan bultooti sangichi 'guddachuu akka hin dhaabne barani' Amma isa gurguruun waan dhibaa tahe. Piirsan loon 20,000 kana qaban yoo tahu Niikars 'waggaa meeqni akka hafeef ni dubbata. Sangooti biroo mammagaala yoo tahan Niikars sababii halluusaa adiifi gurrachaa homaa keessaa addatti mula'ata. Maqaasaa hoo maaliif Niikars jedhan? Dura yeroo dhufe 'Brahman steer'( loon horu) jechuu dha 'Bra' jennaan ture. " Niikars maqaa jedhutti geeddarama jedhee namni yaade hin turre. Akka galmeen ragaa mu'isutti sangaan inni dheeraa Beelinoo kan jedhamuufi Xaaliyaa keessatti kan argame yoo tahu meetira 2.02 dheerata ture.
oduu-50513252
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50513252
Gaboor Maat: 'Maddi araada hundaa midhama keessa darbanidha'
Waa'ee araadaa maal yaaddu?
Ogeessi fayyaa Kaanaadaa Gaboor Maat ilaalcha yaalii aradaa irratti qabnu sirreessu qabna jedhe amana. Ogeessi araadaafi barreessaan kun magaalaa Vaankuvar kan Kaaba Ameerikaatti heddummina fayyadama qoricha sammuu hadoochuun beekamtu keessatti hojii yaalii xiinsammuu namoota aradaan rakkatan irrati hojjatuun beekama. Hojii isaa kanaf bara 2018tti badhaasaa lammileef keennamuu danda'u isa guddaa Order of Canada jedhamu badhaafameera. Bu'uraan kan inni amanu araadi hundi maddi isaa midhama darbe akka ta'edha: "Kun miidhamni maal akka ta'e namni hubachuu yoo danda'edha," jedha. Haaloti shanan nuti rakkoo kana ittiin hubachaa hin jiraanneef jedhee inni amanu kunneeni - akka inni dubbatetti. 'Madda isa sirriif yaalii taasisaa hin jirru' Maddi araadaa maal akka ta'e baruu yoo feete, bu'aan aradaa maal akka ta'e ilaalu qabda: Maal siif fayyade? Namootni yeroo baayyee, "Miidhamakoo hir'ise, dhibuu irraa na miliqsa, miira hariiroo naafkennee, miiraa to'anno, miiiraa hiikaa qabaachuu, miiraa lubbuun jiraachuu, gamachuu, barbaadamuu..." jedhu. Karaa biraan, araadi kun wantoota bu'uraa dhala namaaf barbaachisan tokko tokko, kan namni sun jireenyasaa keessatti argachuu dhabe guutaniiru jechuudha. Haaloti hariroo dhabuu hundi ykn qoofummaa ykn immoo jireenya keessatti dhiphuu qabachuun, haalota dhukuubbii ykn miidhama miiraadha. Kanaaf waa'ee areeda irratti ejjennoonkoo, "Maaliif araadi jiraatee?" osoo hin taanee, "Maaliif midhamni kun jiraateedha?" Yeroo hawaasa araadaa keessa jiranii ilaaltu, kan ati agartu rakkoon ijoollummaatti ture yoo guddaa ta'e, carraan aradaa keessa galuu isaanis ni dabala. Kanaaf maddii araadaa yeroo hunda, midhamaa darbeefi rakkoo ijoollummaatti qunnamedha - kana jechuun namni miidhama qabu hundi araada qabaataa jechuu miti, namni araada qabu hundi garuu midhama ni qabaata. Yaaliin araadaa bu'aa hamaa, adabbiifi ofirraa faggeessuu osoo hin taane gara ho'ummaa guddaa , gargaarsa guddaafi hubanno guddaa barbaada. Yaaliin hedduu yeroo hin milkaa'in hafan "Rakkoo kana dhugumaan hubanneerraa?" jennee dammaqnee of gaafachuu qabna jettee yaadda. Garuu addunyaa yaalii fayyaa keessatti kun badaa hin uumamu. Akka miidhamaa namaatti uumamni isaa maali kanjedhu ilaalaa hin jirru. Namootni miidhama isaanii keessa akka darbaniifi furmaata akka argataniif hojjachaa hin jirru. Baraataan ogummaa fayyaa tokko [Ameerikaa keessatti] wa'ee miidhama miiraa irratti barumsa tokkollee hin argatu. Nuti "Maaltu sirra ga'e?" jennee gaafachuurra "Maalidha rakkoonkee?" jennee gaafachuu itti fufneerra. Araadi filannoo miti Dogoggoorii inni biraa araadii filannoo namootni taasisanidha isa jedhu. Adeemsi seeraa hundi yaada namootni araadaan qabamuuf filatu jedhurratti hundaa'ee, kanaaf namootni kaan akka itti hin galleef, isaaniin haa adabnu jedha. Namoota ani beeku keessa kan ganama tokko ka'ee "Hawwiinkoo araadaan qabumadha," kan jedhe eenyuyyu hin jiru. Araadi filannoo eenyuyyu filatu miti, deebii miidhama miiraati. Namni kamuu immoo miidhama keessa turuu hin filatu. Araadii wanta dhalootaan darbu miti Odeeffannoon sodaa biraan araadi dhalootan ni darba kan jedhudha. Eyyee maatii tokkoo keessatti ni baayyata. Garuu maaliifi? Yoo ani nama araadaa dhugaatii qabufi ijoolleekootti kan iyyuufi dheekkamuu ta'ee, isaan yeroo guddataan dhugaatii baayyisu yoo ta'e dhalatoon annarraa itti darbee? Yookiin immoo amala sana kan isaan fidan sababa ani haala isaan keessatti guddatan gara tokkotti boceefi? Kanaaf amalli tokko maatii keessatti baayyachuun isaa dhimmaa hiddaa dhaloota waliin kan wal qabatu miti. Halootiin uumamaan sanaaf mijeessan jiraachu danda'u, mijeessuu garuu murteessuu waliin tokko miti. Ati uumamaan aradaan akka qabamtuuf qophooftetta jechuu miti. Araadi wanta babal'atudha Himteen ykn odeeffannoon dogoggoraa inni biraan, araadi namoota qoricha sammu hadoochuu fayyadamaniif ykn hawaasa keenyaa keessatti namoota 'gaddeebii' jennu qofaa kan ilaallatudha isa jedhu. Aadaa keenya keessatti kan babal'atuufi of eeggannoo malee kan tamsa'udha. Yeroon hawaasa keenya sadarkaa kammittu ilaalu araada hedduun arga, sana qofammoo osoo hin taane taajaajila araada kanaa diinagdee irratti hundaa'ees nan arga. Wanta hundarraa araadi si qabuu danda'a - gosa sirbaarraallee si qabu danda'a Akka yaadakootti, araadi wantoota namni tokko boqonnaa yeroof naa keenna jedhan keessatti of mul'isa. Kanaaf wanta sana ni dharra'u, garuu bu'aa hamaa inni fidun ni rakkattu, garuu hammam hammaatus hin dhiisani ykn dhiisu hin danda'ani. Kun qorachoota sammuu hadoochan, tamboo, dhugaatii alkooliifi wantoota kan hunda of keesatti qabata. Dabalataaniis, wal qunnamtiin saalaa, tirgaa, mi'a bituu, hojii, aangoo siyaasaa, taphani... walumaagalatti wanti hundi hariiroo ati wantichaa waaliin qabdu irratti hundaa'ee araada ta'u danda'a. Hanga dharraafi boqonnaan, miidhaa yeroo dheeraafi dhiisuuf wanta cimu ta'u jirutti, araada qabda. Ani araada gurguddaa laman qaba ture. Tokko hojiikoodha, kana jechuun bu'aafi gamachuun hojiikoorra argadhuuf jecha wantoota anaafi maatiikoo barbaachisaaniif iddoo hin kennun ture. Lammaffaan immoo araada mi'a bituun qaba, kankoo CD sirboota durii bituu ture. Guyyaa tokko CD tokko doolaara 8000n biteera. Sirbacha nan jaaladha garuu sirbicharraa osoo hin tanee bituu irraa ture kan ani araada qabu. Dharraa araada kanaan yeroo tokkoo dubartii deessuu ani yaalaa ture ciniinsurratti dhiisee CD bitaachuu deemee da'umsishee na darbeera. Hanga kana ture kan anarratti dhiibbaa uume. Amma kun wanta nama kofalchiisudha jettanii yaaduu dandeessu - akkamiin araadakee kan araada namoota qoricha sammuu haduchuu qaban ati yaalii taasistuuf waliin wal biratti qabda? Yeroo namooti ani araada isaanif yaalii taasisu, waa'ee araadakoo yeroon itti himetti hin kofalle. Maataa isaani raasanii,"Eyyee dooktar, nuuf gala, atis akkuma keenyadha," naan jedhani. Qabxiin inni guddaa hundi keenya akka hunda keenyaati. Fakkiiwwan kunnen kan Neil Evan/easyanimal kaafamni
oduu-44086578
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44086578
Suuraawwan hawwatoo torbee kanaa: Caamsaa 4, hanga 10,2018
Filannoo suuraawwan babbareedoo Afrikaafi addunyaa mara irraa.
Namoota uffannaa aadaa Liibiyaa uffatanii jila loltootaa baha biyyattii magaalaa Bengaaziitti yennaa kabajatan Torbee Jila misirrootaa Naayijeriyaa magaalaa Leegoositti kabajameen kalaqni dizaayinara Naayijeriyaa Yemii Shoyemii moodeelaan namootaaf ifatti baheera. Achuma Naayijeriyaatti misirichi cidha isaa irratti yennaa ragadu. Dubartoota uffannaa aadaa halluun kuulame uffatanii cidha irratti argaman Bobbocoonni uffataammoo uffannaa misirrittii aadaa adii uffifamanii turan Taatuu Kenyaa Sheyilaa Munyivaa(kan harka bitaa irra mula'attu) fi Saamaantaa Mugaatsiyaa festivaala fiilmii Kaannes irratti. Afrikaa kibbaa magaalaa Keep Taawon keessatti egzibishiniin suuraa cunqursaa namoota saala isaanin adda tahanii agarsiisaaf dhiyaate. Johaanisbargitti immoo suuraan jireenya yeroo cunqursaa sanyummaa appaartaayidii bara 1994tti dhaabbatte mul'isu agarsiisaaf dhiyaatera. Fakkiin ededa irratti kaafamu awwaalcha loltuu jeneraalaa Misiroota durii Iwaarhiyaa, lafa jala jiru Saqqaaraa jedhamu keessatti argama.Iwaarhiyaan loltuu yeroo Fara'on Seetii 1ffaafi Raamsee 2ffaatti tajaajile dha Shubbistoonni Ruusiyaa immoo lafa bashannanaa Suyeez jedhamutti,do'ii sirbaa agarsiisaniiru. Akkuma lammiin Biriteen Juliyaa Andarsan, namoonni biyya alaa shubbisa mudhii aadaa Misirii baayyinaan itti fayyadamaa jiru. Keep Taawonitti gaafa deebinu,namich qaruuraa keessaa kaanaabis xuuxaa,kaanaabisiin akka seeraan guutummaan guutuutti hayyamamuu gaafata. Fakiiwwan kun AFP, Getty Images, Reuters fi EPA irraa walitti qabaman.
oduu-42581883
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42581883
Afriikaa suuraadhaan: Muddee 30,2017 - Amajjii 4,2018
Suuraawwan babbareedoo Afriikaa torban kanaa.
Doo'attoonni sirna ayyaana bara haaraa Zimbaabwee naannawa Fincaawaa Viktooriyaatti kabajameen wayita qalbiinsaanii booji'amu. Bara haaraatti ce'uuf wayita lakkoobsi lakkaawamu lammiileen Keenyaa magaalaa Naaroobii galma guddicha Keenyaataatti wal gahan gammachuusaanii ibsan. Lammiileen Afriikaa Kibbaa magaalaa Darbanitti walgahuun bishaan daakuudhaan bara haaraa 2018 simatan. Daa'imman Naayijeeriyaa magaalaa Abujaa guyyaa Wiixataa sirna tapha ijoolleetiin wayita bara haaraa simatan. Roobii darbe , keesummeessitoonni geejjibni baaburaa Finfinnee irraa Jibuutii geessuu inni haarawaan eebbifamu buufata baaburaa Jibuutii Nagaad jedhamutti kan ka'an. Guyyuma kana, baqattoonni Eritiiriyaa gammoojjii Israa'elii fi Ijipti daangessu keessa taa'anii wayita dhuguu fi shiishaa bishaanii xuuxuun bashannanan. Dilbata darbe, Pirezidaantiin Sudaan, Omar al-Bashir, kabaja waggaa 62ffaa guyyaa walabummaasaanii itti gonfatanii magaalaa Kaartumitti geggeeffame irratti argamuun haasawa wayita taasisan. Guyyuma kana, tikeen loonii muraasni wayita lafa dhoqqaawaa Taanzaaniyaa oddoola Zaanzibaar keessatti argamu keessatti aara galfatan.
oduu-55190123
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55190123
Koronaavaayirasii: Arjantiinaan miidhaa Covid dandamachuuf dureessota 12,000 irra gibira keesse
Arjantiinaan dureessota biyya isheerra gibira addaa keesse.
Galiin gibira kana irraa argamuus meeshaalee wallaansa fayyaafi kanneen sababii koronaavaayirasitiin miidhaman deeggaruuf oola jedhameera. Miseensonni mana maree biyyattis 'gibira miliiyenarootaa' kan yeroo tokkichaan kanfalamu kanas deeggarsa sagalee 42/26'n raggaasisaniiru. Haaluma kanaanis soreessonni qabeenyaa hanga doolaara biiliyoona 2.5'tti tilmaamamu qaban gibira kana kanfalu qabu. Biyyattii keessattis namoonni qabeenya hanga kanaa qaban kuma 12 ta'u jedhameera. Arjantiinaan biyyoota addunyaa koronaavaayirasiin garmalee miidhaman keessaa tokko dha. Ragaa hanga ammaa jiruun lammiileen ishee miliyoona 1.5 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, kuma 40 kan ta'an ammoo lubbuusaanii dhabaniiru. Biyyi ummanni ishee waliigalaa miliyoona 45 qofaa taate Arjantiinaan, baay'ina lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin addunyaarraa sadarkaa shanaffaa irratti argamti. Kunis haala baay'ina ummata ishee waliin wal bira yoo qabamu, biyya xiqqoo namoonni miliyoonaan lakkaa'aman vaayirasichaan qabaman taatee jirti. Uggurawwan facaatii vaayirasichaa to'achuuf biyyattiin keessee turte dhiibbaa olaanaa taasisuu himama. Biyya hojii dhabdummaan keessatti baayyateefi hedduun hiyyuummaa keessa itti jiraataniitti uggurri kaa'amee caalaa haalicha harbesseera. Arjantiinaan bara 2018 irraa kaasee kufaatii diinagdee keessatti argamti. Kanneen seera gibira kana raggaasisan keessaa tokko akka jedheetti seerichi namoota gibira kanfalan keessaa kan 0.8 0% ta'an qofaa ilaalatta. Abbootiin qabeenyaa biyya keessa jiraatan %3.5, kanneen biyya biraa jiraatan ammoo %5.25 akka kanfalaniif murteen kan darbe. Maallaqa gibiraan walitti qabamu keessaas kan harka 20 ta'u bittaa meeshaalee wal'aansaaf, harki 20 daldaltoota daldala xixiqqaatiif, harki 20 kanfaltii manneen barnootaa ijoolleef, harki 15 ammoo misooma hawaasuummaaf yoo ta'u, kan hafe dhibbantaa 25 ammoo hojiiwwan boba'aa uumamaatiif akka ooluu AFP'n gabaaseera. Pirezidantiin biyyatti Albertoo Farnaandeez maallaqa biyyatti pesoom biiliyoona 300 walitti qabuuf karoorafataniiru. Haa ta'u malee, gareen paartii mormiitootaa gama isaanitiin kun gibira yeroo tokkichaa ta'u waan hindandeenyeef, invastaroota biyya alaa sodaarra buusuu danda'a jechuun qeequ.
oduu-48591251
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48591251
Huawei'n mootummaa Chaayinaa waliin hidhata qabaachuu haale
Huawein mootummaa Chaayinaatti hidhata qabaachuu haale.
Hoogganaan nageenya Saayibarii Joon Sufoolk miseensota paarlaamaatti wixata akka himanitti,dhaabbanni teeknolojii guddichi kun ''waan sirrii hin taanee akka hojjatuuf mootummaan Chaayinaa gaafatee hin beeku'' jedhe. Sufoolk ,qaamni alaa oomishasaafi akkaataa hojiisaatii ykn yaa'iinsi koodisaatti maal akka fakkatu akka xiinxalamu akka eeyyaman dubbatan. ''Addunyaa duratti qullaa dhaabanne, garuu isa filanna sababnisaa oomisha keenya isatu fooyyessaa'' jedhu. itti dabaluunis''Waan jiru namoonni akka argan feena waa tokkos haa ta'uu,kuma tokko kanaaf dhimma hin qabnu.argannoosaanitti hin qaanoofnu'' jedhan. Huawein koree teeknoloojiii fi Saayinsiitiin nageenya oomishasaarrattii fi mootummaa waliin hidhata qabachuusaarratti gaaffii miseensota paarlaamaa akka deebisan gaafataman. Baasii interneeta mobaayila keessan hir'isuuf... Uggurri Huwaei mudate attamiin Afriikaa yaadesse? Ameerikaan biyyoonni michuun oomisha kaampaanii telekoomii guddicha addunyaa neetworkii dhaloota 5ffaa ykn 5G eegale baasastummaaf itti fayyadamti jechuun akka lagatan waamicha dhiyeessuutu yaadatama. Hoogganaa nageenya Saayibarii Joon Sufoolk 'Mootummaan Chaayinaa waan hin eegamne akka hojjannuuf takkaa nu gaafatee hin beekuu' jedhan Suufoolk. Naageenya oomishaa kaampaanichaa dhimma miidhus akka hin hojjanne dubbatan. Miseensonni paarlaamaa biyyatti sarbamiinsi mirga namoomaa musilimoota miliyoonatti lakka'aamanii mana hidhaa Shijiyaangitti dararamanii quba qabachuus himaniiru. Miseensonni paarlaamaa fageenyatti oomishasaatiin rimootiin gargaaramuun neetworkii UK 5G jedhamu fayyadamu danda'aa dhimma jedhus gaafataniiru. Huawein daataa moobayilaa neetworkii 5G jedhamu fayyadamuu akka hin dandeeenye hime Obboo Suufolk kaampaanichi meeshalee tajaajila telekominikeeshinii neetiworkii 5G dhaaf barbaachisuu akka dhiyeessuu dubbate. Haa ta'u malee, opporetaronnii meeshalee Huwaawwii rakkina yoo qabaate, giddu galli deeggarsaa Roomaniyaa jiran akka sirreessaan hime. Miseensonni Paarlaamaa Neetworkii 5G jedhamu fayyadamuun nama dhuunfaatti fayyadamu adamsuun danda'ama isa jedhus gaafataniiru. Suufoolk teekinoloojiin moobayilaa opporetaroota itti fufiiinsaan mul'isu neetiworkii wajjiin walqunnamsiisuuf akka barbaachisu himan. Haa ta'u malee Opporetaroonni moobayilaa itti fufinsaan sochii maamilaa hunda yeroo hundaa agarsiisa. Miseensota Paarlaamaatti akka himanitti odeffanoon akka hin hatamneef qabiyyeen oomisha kaampanichaa harki 30'n ofumaaf kan oomishuu ta'uu fi kan hafemmoo dhaabbilee idila addunyaa kampaanichi to'aturra akka argatu Obboo Suufolk himaniiru.
oduu-50654756
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50654756
Barnoota: Chaayinaan barattoota filatamoo qabaachuun dursaa jirti
Biyya kamtu mana barumsaa filatamaa tahe qabdi?
Deebiin kanaa namaa-namatti adda tahuu danda'a garuu qormaatni 'Programme for International Student Assessment (Pisa)' jedhamu agarsiistuu gaarii dha. Qormaati walitti fufinsaan kennamu kuni dhaabbata 'Organisation for Economic Cooperation and Development (OECD)' jedhamuun qophaa'a. Erga sagantichi bara 2,000'tti jalqabee waggaa sadiitti takkaa ijoolleee ganna 15'f kennama. (OECD)n bu'aa qoramaata bara 2018, gaafa Kibxataa ifa baaseera. Kanaanis, Chaayinaan herrega, dubbisuufi saayinsiidhaan biyyoota kaanirra aanteetu argamte. Qormaata bara darbee irratti biyyooti 76 hirmaachuun rikoordiin cabeera. Barattoonni saamudaan fudhataman 600,000 qoramaniiru. Dhaabbanni qormaata kana qopheessu OECDn biyyoota guddatan kan akka Ameerikaa, Jaappaanfi Gamtaa Awurooppaa 37 of keessaa qaba. Haatahu malee, biyyooti baay'een barattoonni isaanii madaala addunyaatiin maalirra akka jiran baruuf barbaadaa jiru. Qormaati kun qabxii barattootaa gidduugalaan biyyootaaf sadarkaa kenna. Kanaanis, qormaata dhiibbaa uumuu danda'u taheera. Barattoonni qormaata jireenya namoota qabatamaa fudhatu. Gaaffiin gaafataman murtoo akka qarshii baasan, odeeffannoo sirnaan fayyadamuufaa fudhatu. Inni bara 2018 fakkeenyaaf, gaaffii akkas jedhu ture, fooramii intarneetii tokko irratti nama lukkuu qabu tokkotu bineeldota isheef asprin (qoricha namoonni yeroo mataanfaa isaan dhukkubu fudhatan) kennuun sirrii dha jettee gaafatti. Eeshiyaan dursaa jirti Chaayinaan qormaata jildii afuriin kennameen dursaa jirti. Haa tahu malee, barattoonni qoramaan naannoo biyyatti murtaa'oo irraa kan dhufani dha. Qaamoti mootummaa yeroo baay'ee qabxii barattoota Shaangaay irraa dhufan ilaalaa turan. Daariktarri OECD Andiriyaas Shiliichar, barattoonni dhiyeessi barnootaa ga'aa taheen hin baranne gama dubbisuutin barattoota gidduu-galaa irraa fooyyee qabu jedhan. Finlaand jildii qormaata kanaa waggoota sadiif (2000, 2003fi 2006) dursaa turte, 2015'tti Singaaportu dursa ture. Istooniya biyya Eshiyaa keessaa hin taane, qoormaata kanaa qabxii gaarii argatte dha. Biyyooti Eeshiyaan walitti fufinsaan sadarkaa olaanaa qabachaa jiru. Chaayinaa, Singaappoor, Maakuu, Taayiwaan Jaapppaniifi Kooriyaan Kibbaa warra dursaa jiranidha. Estooniyaan immoo biyya ardii Eeshiyaan ala taate dha. Dhaabbati OECD qormaata mata duree hin beeknetti kennamu irratti barattoonni odeeffannoo qabatamaafi ilaalcha addaan baafachuu hin dandeenye kun akka isaan yaaddesse dubbataniiru. Haa tahu malee, garaagarummaan barnootaa biyyoota guddataniifi guddachaa jiranii akka yaadamu garaagarummaa guddaa hin qabu jedhan. ''Biyyoota qormaata kanaan qabxii walfakkaatu fidan yoo ilaallu, galiin akka biyyaatti qaban baayyee wal-irraa fagaata jedhan. Gama koorniyaatiinis garaagarummaa guddaatu jira jedhan. Ijoolleen dubaraa dubbisuudhaan dhiirota baayyee yoo caalan, saayinsiidhaan haala murtaa'aa taheen caalaniiru, ijoolleen dhiiraa immoo herregaan qabxii shaniin caalaniiru.
oduu-42028960
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42028960
Suuraalee filatamoo Afrikaa: Sadaasa 10-16, 2017
Suuraalee babbareedoo Afrikaa keessa filataman
Modeeliin Gaanaa Naanaa Akuwaa-Addoo afaa diimaa irratti badhaasa 'All Africa Music Awards' gaafa Dilbataa Leegos qophaa'erratti suura ka'uuf yeroo dhaabatte . Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti gaddatu jira. Gareen walabaa qophiicha akka qopheessuu dandeessu erga qorate booda gaafa Roobii lammiileen Afrikaa Kibbaa Waancaa Addunyaa Raagbii kan bara 2023 qopheessuu xiqqumaaf Faransaayin jalaa fudhatame. Kilaboonni naannoo Tigraay Maqalee fi Walwaaloo Addigraat yeroo duraaf pirimeelriigii Itoophiyaa irratti yeroo wal argan rakkoon nageenyaa uumama jedhame sodaatame ture. Haa ta'u malee, deeggartoonni kilaboota lamaaniifi jiraattonni magaalaa Maqalee bakka argamanitti bareede raawwateera. Gara Kaaba Afrikaa yeroo imallu immoo Morookoo, magaalaa Maaraakeeshitti gammachuutu goobane. Kuni egaa Piritooriyaan adda. Morookoon gaafa Sambataa Ayivoorii Koost injifattee Waancaa Addunyaa Ruusiyaan ji'a muraasa booda qopheessituuf waan darbanif gammachuu addaatu ture. Dubartiin kuni filannoo Ikkuwaatoriyaal Giinii torban kana taasifame irratti sagalee ishee kennite. Loltoonni Keeniyaa mana murtii olaanaa biyyatti turan lama rooba jalaa dheessuuf dibaabee qabatani mul'atu. Abbootiin seeraa keesa jiran immoo filannoo Onkololeessa 26 kan yeroo lammataaf taasifame irratti murtii kennuuf dhimmicha ilaalaa jiru. Kibbatti gadi-buune immoo daldaltuun wantoota adda addaa daandii magaalaa guddoo Zimbaabwee Haraaree irratti gurguru agartu. Guyyaa tokko booda ture loltuun magaalatti kan to'ate. Hoggantoonni waraanaa miseensota paartii 'Zanu-PF' balleessan akka adda baasan himanis aangoo ummatatti deebisuuf jedhu. Guyyoota muraasa dura, gaafa Sambataa Kaartuum Sudaanitti, daldaltoonni maamiltoota hawwachuufi meeshaalee gurguruuf eegaa jiru. Ogeessi suuraa god-hambaa meeshaalee faayaa Gibxii magaalaa Kaayirootti gaafa Roobi kaase dha. God-hambaan kuni waggaa baranaa jalqabarra baname. Suura gaafa Kibxataa Abijaan, Ayivoorii Koostitti ka'e seenaa, aartii akkasumas ispoortii walitti fideera. Namni tokko suura Ernestoo Chee Guveeraa fi Mu'aammar Gaadaafii keenyaa daandii qarqara jiruurratti ka'e yeroo bishkilitii oofaa bira darbu mul'ata. Agarsiisni 'new Zeitz Museum of Contemporary Art Africa (Zeitz MOCAA)' Afrikaa Kibbaa magaalaa Keptaawon bakka Viktooriyaa fi Alfireed Waatarfirontitti qophaa'e marti waa'ee aartiidha. Dubartoonni kunneen hojii artistii Naayjeeriyaa Taayiyee Idaahor gaafa Roobii seensi tola ta'e dhaqani daawwatan ka'edha. Suurawwan kana AFP, EPA, PA, akkasumas 'Reuters' irraa walitit fidne.
oduu-45862899
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45862899
Haala qilleensaa addunyaaf attamiin gumaachuu dandeessu?
"Amma hojjedhaa ykn badiinsa hamaa eegaa!"
Cabbii haphiirra adeemuu- gabaasi kun haga ammatti dhimma midhaa ho'insa qilleensa addunya dabalaa jiran keessa akeekkachiisa isa cimaadha. Kun dhimma ho'iinsa qillensaa addunyaa dabalaa jiru irratti akeekkachiisa saayintistoota haalaa qilleensaa addunyaa dursan irraa dhufedha. Qorannoon kora geeddarumsa qilleensa biyyoota mootummoota gamtoomanii (IPCC) waggoota 12 keessatti ho'iinsi addunyaa diigirii seentigireedi 1.5 dabalaa deemuu ibsa. Kun immoo haalawwan qilleensaa hammatoo kan akka hongee, ibidda saafaa, lolaa akkasumas immoo namoota miiliyoonaan lakkaa'amaniif hanqinni nyaata akka uumamu taasisa. Gargaaruuf maal goochuu dandeessu? Barreesaafi qindeessaan dursaa gabaasichaa Aromaar Revii, Gochaaleen beekamaniifi salphaatti dalagamuu danda'an hedduutu jiru jedha. Lammilee fi fayyadamtootni, jijjiirama haalaa qilleensa 1.5C'niin dabalaa jiru saffisisuu keessatti taatota ol'aanoodha. Guyya guyyaan isin jijjiramicha fiduuf kan gochuu dandeessan: 1. Geejiba uummataa fayyadamaa Magalaawwan geejjiba uummataa ga'aa dhiyeessaa jiruu? Konkoolataa oofuurra deemsa miillaa ykn Saayikilii ykn immoo geejjiba uummataa fayyadamuun hamma kaarbonii qilleensatti makamuu xiqqeessuu danda'a. ''Akkaataa itti magaalaa keessa sochoonuu filachuu dandeenya. Yoo geejjiba uummataa hin qabnu ta'e- namoota siyaasaa dhimmaa geejjiba uummataa irratti filannoo laataan filachaa akka jirtan hubadhaa." jetti hoggantoota IPCC keessa tokko kan taate Dr Deebraa Roobertis Dirqamaa yoo ta'e konkolaataa elektirikii fayyadamaa, imaloota keessaniif immoo xiyyaararra baabura filadhaa. 2. Aannisa qusadhaa Annisa qulqulluu fayyadamuun osoo hin taanee, xiqqeessanii fayyadamuudha. Cabbeessuuf teempireechara olaanaa, ho'isuuf immoo teempireechara gadaanaa fayyadamaa. Yeroo hin fayyadamnetti meeshalee keessan dhaamsaati humna isaa irraa buqqisaa . Isaan kunneen jijjiramoota xixiqqoo fakkaachuu malanis, aannisaa qusachuuf qaru maloota bu'aa guddaa qabanidha. Madda aannisaa kan akka soolarii fayyadamuu filachuu dandeessu. 3. Foon nyaachuu hir'isaa ykn tasumaan dhaabaa Nyaata keemikaala hin qabneefi nannoo keessanitti oomishamuu filadhaa. Oomishni foon diimaa, oomisha foon lukkuu, kuduraafi fuduraa caalaa aannisa hedduu maddisiisa. Yaa'ii haalaa qilleensaa Paaris irratti biyyooti 119 madda annisaa qonnaa hir'isuuf waadaa galaaniiru. Akkamiin akka gochuuf yaadan irratti garuu wanti argamu hin jiru. Isin garuu gargaaruu dandeessu. Foon hir'isaatii kuduraafi fuduraa baay'inaan nyaadhaa. Yoo isinitti cimee torbeetti guyyaa foon itti hin nyaanne tokkolle qabaadhaa. 4. Irra deebiin haaressuun fayyadamaa...bishaanillee Yeroo hunda karaa itti bishaan qussattan barbaadaa. Bu'aa irraa deebisaanii fayyadamuu yeroo hedduu dhageenyeerra. "Bishaan qussachuufi irra deebinee fayyadamuu akkasumas bishaan roobaa qeensuun fayyadamuu qabna." jedha Aroomar Revii 5. Namoota biroo beeksisaa, barsiisaa Dhimma eegumsa nannoo baruuf umurii xiqqaan hin jiru. Waa'ee jijjirama qilleensaa labsa, namootas barsiisaa. Namoota biroo waliin qindaa'uun haalaa jireenyaa hawaasaaitti fufinsa qabu ijaaraa. "jijjiramootni kunneen guyyaa guyyaan namoota biliyoonaan lakka'aamanii yeroo dalagamu, miidhaa fayyaa malee guddina itti fufiinsa qabu uumuu danda'a." jedha Aroomaar Revii.
oduu-41946220
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41946220
Suuraalee filatamoo Afriikaa: Sadaasa 3-9, 2017
Suuraalee filatamoo Afriikaa torban kanaa
Ayyaan qalbii didirachuufi gammachu kunis Magaalaa bashananaa Ayivoory Koosti qarqaraatti guyyaan Sanbataa kabajama.... Uummanni Nzeemaa sirna Abbissaa, jechuun mogaasan kabajataa jiru. Ayyaanichis maqaa kana kan argate sababii isaaan gaaffii gaafatanif.: Nzeemaan waggaa haaraa kanatti seenuun ni ta'aafi?... Mootichaa fi mucaa filatamtuu 'kabajaan '' batamaanii magaalaa Graand Baasaam keessa yoo dababarfamanu..... Sagalee dibbee wayita dhageesifamu, wayyaa faallaa (dhiirri wayya dubartii dubartiin wayyaa dhiiraa) uffachuun nama waggaa darbee keessa balleessee, waan gadhee irratti hojjate ykn aarse sana akkeessu. Wayita hundaaf dhiifammi godhamee booda, waliin seensa baraa haaraa gammachuun kabaju. Guyyuma sana, artistii Afroobiit kan ta'e Laamojiin tapha isaa magaalaa gudditti Naayijeeriyaa Lagoos keessaa bakka agarsiisa daldala adduunyaatti agarsiise. Laamoojiin albamii isaa kan akka namicha artistii Feelaa Kuutii'tti hojjete gadhiisuuf karoora qaba. Dilbataa: Lammileen Zimbaabuwee bakka ayyaana siyaasaa fi amantii itti kabajamuu Magaalaa guddittii Haraaree keessatti sirbaa fi faaruun dhiichisuu. Namoota achitti walgahan keessaa irra caalaan namoota mana sagadaa kristaanaa lammi Zimbaabwee addaa addarraa irraa kan walitti qabamaniidha... Dameen dargaggoota paartii biyya bulchuu ZANU -PF dhangaa kana qopheessuun amanammummaa qaban giiftii duree Zimbaabwee kan taate Grees Muugaabee ibsu.... Isheenis abba manaa ishee umurii waggaa 93, Roobeert Mugaabee waliin achi jirti turte. Giifti dureen kunis abbaa warraa ishee booda aangoo pirezidaantummaa kan ishee gonfachiisuu haasaa aangoo cimaa gooteetti. Kibxata: Mucaan waggaa 15 Muusxafaan Kaayiroo magaalaa Masrii naannoo dulloomaa keessatti warshaa gogaa tokkicha hafe keessa kirrii adii maramaa baate deema.... Namni wagga 76 Saalaamaan, abbaa qabeenyaa fi umurii wagga torbaa irraa jalqabee warshaa gogaa kana keessaa hojjechaa kan tureedha. Liibiyaa magaalaa Triipoolii keessaatti qurxummii qabdootii bidiruusaanii buufata qarqara galaanatti argamutti hidhu... Qurxumiiwwan qabanis akkasitti gabaatti dhiheesu. Kamisaa: Meeshaan barreefamaa kun muusiyemii poolisii magaalaa qarqara galaanaa kan taate Kep Taawoon, Afrikaa Kibbaattti agarsiisa irra jira... Meeshaa barreefamaa duraanii kan muusiyemii poolisii magaalaa Kep Taawoon, Afrikaa Kibbaattti agarsiisa irra jiruudha. Dilbata: Phaaphaasii muummicha Kaantibuury Jaastiin Weelbi, ayyaanneeffannaa hundeeffamuu waggaa 100ffaa waldaa Ol Seeyint, teesssuma olaanaa waldaalee Anglikaan Keeniyaa dhufanii turan. Lubi kun angaawoota siyaasaa bebeekamoo Keeniyaa lamaan, Prezidaanti Uhuruu Keenyaattaa fi mormituu isaanii, Raayilaa Odiingaa mirgaa fi bitaa isaanii wayita dhaabbatan. Suuraaleen kunneen kan kenne: AFP, EPA, PA fi Reuters dha
oduu-55646861
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55646861
Intarneetii Afriikaa: Motummoonni Afriikaa eessaafi attamiin intarneetii cufaa jiru?
Feesbuukii, Twitar ykn WhatsAppiin hinjiru.
Lakkoofsi biyyoota intarneetii ugguran dabalaa jira Haalli akkanaa kunis biyyoota afriikaa kanneen motummoonni yeroo garaa garaatti inatrneetii cufaniifi midiyaalee hawaasaa keessatti ugguranitti caalaa dhimma baramee ta'aa dhufeera. Yugaandaan biyya dhiheenya kana filannoo pireezidaantii Amajjii 14 gaggeessuun dura uggura kana raawwattedha. Rogeeyyonni mirgoota dijitaalaa gochaan kun bilisummaa pireesii cabsa yoo jedhan, mootummoon garuu nageenya eegsiisuuf jechaa jiru. Uggurri intarneetii attamiin hojjata? Mootummaan dhiyeessitoota tajaajila inatrneetiin (ISPs) ajajuun akka namoonni hinfayyadamne ugguru danda'a. Jalqabarrattis, toorawwan midiyaalee hawaasaa beekamoo ugguuruun eegala. Dubbichi yoo cime ammoo aanga'oonni akka argama intarneetii hunda ugguraniif dhiyeessitoota tajaajilcihaa ajajuu danda'u. Biyyoota kamiitu intarneetii ugguraa? Taateen uggura intarneetii afriikaa keessaatti dabalaa jira. Yugaandaan dhiyeesitoota tajaajilaa intarneetii waltajjiiwwan midiyaalee hawaasaa fi aappiiwwan ergaa daddabarsan hunda akka ugguraniif ajajjeetti. Fayyadamtoonnis aappiiwwaniifi marsariitiiwwan muraasa argataa kan hinjirre ta'u komii kaasuu eegalaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Taanzaaniyaanis tibba filannoo Onkolooleessa darbe gaggeesitetti appilikeeshiniiwwan miidiyaa hawaasaafi intarneetii uggurte turte. Waxabajjii bara darbee keessa ammoo hokkora ajjeechaa artistii Oromoo beekamaa, Haacaaluu Hundeessaa hordofuun uumamee tureen walqabatee, Itoophiyaan baatii tokkoof intarneetii cufte turte. Akkasumas Zimbaabiwee, Toogoo, Buruundii, Chaad, Maalii fi Giiniin bara darbe keessaa yeroo garaa garaatti intarneetiifi midiyaa hawaasaa ugguranii turan. Bara 2019 keessa taateewwan cufamu intarneetii guutummaan ykn hanga tokkoo 25 kan galmaa'ee yoo ta'u, bara 2018 ammoo yeroo 20 fi bara 2017tti ammoo yeroo 12 akka mudate galmaa'eera jedha gareen to'annoo walabaa 'Access Now'. Gareen kun akka jedhutti, bara 2019 keessa biyyoota 14 keessaa torba uggura raawwatan waggoota lamaan dura akka hinraawwatiin hime. Biyyoonni haaraan Beeniin, Gaaboon, Eertiraa, Laayiberiyaa, Maalaawii, Morishiyees fi Zimbabiweedha. Kunis qaama adeemsa addunyaa kan biyyoonni 213 irra deddeebiin intarneetii ugguuraniidha. Kunis kan bara 2017 wal bira qabamee yoo ilaalamu 106 ture. Gareen kun akka jedhutti, Afrikaa keessatti uggurri taasifamu kun naannolee ykn garee namoota muraasa mormuuf jecha, garuu biyyattii guutuutti dhiibbaa wayita taasisan mul'ata. Uggura bara 2019tti taasifame 25 keessaa taateewwan 21 guutuu biyyaa ykn irra caalaa biyyaa miidhee ture. Itoophiyaafi Sudaan qofaatuu uggura irratti xiyyeeffatee jira. ''Kunis uggurawwan guddataa dhufuu mul'isa. Akkasumas haalaan bal'ataa fi dhiibbaan isaas namoota Afriikaa keessa jiraatan baayyee irratti dabalaa dhufeera,'' jedha gareen kun. Biyyoota hedduu keessatti, aanga'oonni tajaajila intarneetii namootni dhuunfaa argatan akka ugguramu dhiyeesitoota tajaajilaatiif ajaja dabarsaa jiru. Malli beekamaan fayyadaman tokko uggura URL irratti hundaa'edha. Kunis saccaatuu akka namoonni toorawwan dhorkaman hinfayyadamne ittisuudha. Tarii fayyadamtoonni toorawwan kanneen fayyadamuuf yaalanis ergaawwan garaa garaa kan akka ''Serve not found'' ykn "this site has been blocked by the network administrator" jedhaman argachu danda'u. Malli gara biraa ammoo hudhuu (throttling) jedhama. Adeemsi akkasii kunis akka waan tajaajilli dadhabaa ta'ee fakkeessuun tiraafikni gara toorawwan adda baafamaniitti akka hindabarreef danqa. Dhugaatti toorri ugguramaniifi hin ugguuramne ykn sababii bu'uraalee biroodbaandii dadhabaatiin kan uumame ta'uu adda baasuuf rakkisaa ta'a. Akka tarkaanfii dhumaatti kubbaaniyoonni telekoom guutummaatti tajaajilasaanii cufuun argama daataa hunda akka dhorkaniif gaafatamu danda'u. Dhiyeessitoonni rakkoo tajaajilaa jechuu danda'u? Dandeettiin motummoonni intarneetii to'achuuf qabanis dandeettii to'annoo kubbaaniyoota telekomunikeshiin irratti qabaniin murtaa'a. Dhiyeessitoonni tajaajila intarneetii mootummaadhaan hayyamni kan kennamuuf waan ta'aniif, yoo didan adabbii ykn hayyama saanii dhabuuf saaxilamu danda'u. Biyyoota afriikaa keessatti namoonni baayyeen bilila 'smartphone' qabu Kubbaaniyoonni garuu manneen murtiitti iyyachuuf mirga kan qaban yoo ta'u, qabatamaan kana kan raawwatan baayyee xiqqaadha. Haata'u malee, haalli addaas ni jira. Bara 2019 keessatti, Manneen murtii Zimbaabiwee erga mootummaan intarneetii uggureeen booda deebisee akka saaquuf murteessaniiru. Deebii murtee kanaatis, mootummaan seera to'annoo cimaa intarneetii irratti qabaachu isa dandeessisu baase. Ministeerri Odeeffannoo Zimbaabiwee, Moonikaa Mutsvaangaa akka jedhanitti kunis ''intarneetiifi teeknolojiin kanaan wal qabatan akka bu'aa hawaasaatiif qofa oolan malee nageenya biyyaalessaa akka hindiigneef kan mirkaneessudha'' jedhan. Kana malees '' Itoophiyaan biyyoota telekominikeshiniin ammalleen bilisa hintaanetti, ammalleen adda'' jedha. Daarektarri Intarneetii Hawaasaa kan Biiroo riijina Afrikaa, Daawwit Baqqalaa. "Itoophiyaa keessa dhaabbata mootummaan to'atamu tokkichatu jira. Kanaafuu intarneetii cufuuf haala salphaan itti fayyadamuun ni danda'ama'' jedhan. Intarneetiin gutummaatti kan cufe yoo ta'een alatti, haalliwwan namoonni ittiin danqaawwan kanneen darbu danda'an ni jiraata. Malli baramaan tokkoo Neetiworkii 'virtual private networks' (VPNs) jedhamu fayyadamuun. sararriiwwan kunnneenis haala dhiyeessitoonni tajaajilaa torawwan ittiin dhorkan rakkisaa jalaa taasisa. Akkasumas motummaan VPNs cufu ni danda'a, garuu ammoo sababii kun dippilomaatoota biyya alaatiifi kubbaaniyoota gurguddaa mala kana fayyadaman miiduuf motummaan kana gochuuf baayyee hinkaka'u. Motummoon Afrikaa muraasnis ''oduun sobaa'' baayyachuu uggura hojiirra oolchuuf akka sababaatti kaasu. Haata''u malee, xinxaltoonni fi mormitoonni gareewwan motummaan qeeqan irratti qoqophaa taasisuuf kana akka dhiifamaatti fayyadama jedhu. Haalli kunis yeroo baayyee fuulawwan feesbuukiifi WhatsAppii irratti wayita ka'u dhagahama. ''Filannoon dura, tibba filannoofi booda saa, sababii waldhabdeetiin motummoonni intarneetii cufuu dhaqu'' jedha Baqalaan.
oduu-44975002
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44975002
Adoolessa 27 lafti addeessa gaaddiddeessiti
Dacheen Addeessa gaafa haguugu Adoolessa 27 2018 mul'achuuf jira.
haguuggii addeessaa adoolessa 27 jaarraa 21 keessatti dheeraa. Haguuggii addeessaa ka akka kana dheeratu Jaarraa 21 keessatti duraan hin argamne jedha qorannoon hawaa ka Ameerikaa (NASA). Gaaddiddaa'uun dachee yeroo dheeraa turu mul'achuuf Yoo milkoofte saa'ati tokko fi daqiiqaa 43 arguu dandeetta. Gaadiddeessuun addeessaa maal? Gaadiddeessuun addeessaa ykn kan 'Eclipse' jedhamu kun aduu, lafaafi addeessi walitti yoo aanoman uumama. Kana jechuun lafti kallattiidhaan aduufi adeessaa qixxalamaan tahuun adeessa ifa aduu dhorkiti. Gaaddiddeessi kunis yeroo addeessi gaaddisa lafti uumtu jala galtu uumama. Taateen kun sa'aatii tokkoof daqiiqaa shantamii shan keessattii uumama. Addeessii kun ka dhiigaa jedhama Eessaafi yoom mul'atti? Gaaddideessichi Kaaba Ameerikaan alatti Awurooppaa, Afriikaaf, Baha gidduugaleessaa, Gidduugala Eshiyaafi Awustiraaliyaatti mul'ata. Ilaaluufis teleeskooppii osoo hin taane meeshaa salphaa fagoorraa mul'isu baayinaakulaar jedhamutu isin barbaachisa Iddoo arguu dandeessan jirtu taanaan halkan sa'aatii 2:21tti addeessa arguuu jalqabdu.
oduu-43482190
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43482190
Qubsuma koo 25: Biyyatti qilleensa naannoon itti dhaladheen barbaada
Maqaan koo Milkiyaas Musee jedhama. Ameerikaa Meerilaandiin jiraadha.
Umurii waggaa 14n Ameerikaatti kaniin gale baqataa ta'eeni ture. Ameerikaa galuu koon dura waggaa takkoof baqaan Sudaan keessa tureera. Biyya keessatti hegeree gaariin homaa natti mul'achuu didnaaniin biyyaa bahuuf murteesse. Eertiraa dhiisee akkan bahu kan na dirqisiise ammoo tajaajila loltummaa biyyoolessaa dhuma hin qabneedha. Wayitan Ameerikaa gahun biyyi kuniifi Ertiraan homaa walfakkeenya akka hin qabneen hubadhe. Haala jireenyaa biyya kanaa baruun yeroo fudhatus dirqama barama. Ameerikaa dhufee waggaa tokko booda barnoota koo itti fufuun qaba jedheen murteesse. Naannoon an jiraadhutti Koolejjiiin tokko turtee achummatti galmaaheen barnoota fayyaa eegale. Waggaa shan booda eebbifameen, amma dhaabbata waldhaansa kaansarii harmaarratti qorannoo gaggeessu keessatti hojjechaan jira. Ameerikaa keessatti nyaanni barbaadamu hunduu jiraatus ani kaniin jaaladhu garuu biddeen biyya keenyaati. Carraan argadhe hundaan kophaas ta'u hiriyyoota waliin mana nyaataa warra Itoophiyaa fi Ertiraa deemuun biddeenan nyaadha. kunis baayyee na gammachiisa. Jireenya hawaasummaa yoggaan biyya ture qabu nan yaada. Magaala keessa hiriyyoota koo waliin deemuu, haasaa fi oolmaa keenya durii baayyeen yaada. Naannoon itti guddadhe yaaduu fi achi dhaqee qillensa naannookoo harganuu akka eebbaattin fudhadha. Asitti namni hunduu hojiin qabamee waan ooluuf boqonnaa dhabuunsaa bayyee na dinqa. yeroon namoota ilaalu hanga aduun baatee lixxutti ni fiigu. Utuun aangoo fi dandeetti waa jijjiiruu qabaadhee fiigicha kana dhaabuun namoonni yeroo muuraasa akka hojjetan, jireenya tasgabbaa'aa fi waliin jireenya akka qabaatan osoon taasisee natti tola. Ertiraadhaa bahee wayitan Sudaan galu wanti hunduu haaraa natti ta'ee ture. Namoonnin achitti argadhe aadaan qaban kaniin ani qabuufi beekuun adda ture. Daddabarsiitoota seeraan ala daangaa nama ceesisan waliin ammoo waliigaluun barbaachisaa ture. Jaalala Maallaqaaf qaban irraa kan ka'e deemsa addaan kutaafaa turan. Rakkoolee akkanaa keessa jabbeenya rabbiin darbeera. irraanfadheeras. Wantin hawwu yoo jiraate takka garan naannoo itti guddadhee dhaqee qilleensa namatti tolu sana harganaa daandii Haarinneet jedhamurra hiriyoota koo waliin bashannanuu dha.
oduu-49534120
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49534120
Lammiin Ameerikaa daabboo $50 hate waggoota 36 booda hidhaa bahe
Lammiin Ameerikaa $50 hate waggoota 36 booda hidhaa bahe.
Alvin Kenaard umrii dargaggummaasaa mana hidhaatti dabarse Abbaan murtii Alaabamaa namticha daabboo $50.75 saame jedhame umriisa guutuu akka hidhamu itti murta'e akka hiikamu ajaje. Namni ganna 58, Alvin Kenaard, seera adaba yakkaa bara 1970 keessa baheen adabbiin sukaneessaan itti murame. Murtoon kun hiriyoota fi maatii isaa mana adabatti isa gaafata turan fi Kenaarduma isaa mana hidhaa keessa ture miirasaa haalan jeeqera. Abukaatoon isaa Karlaa Kowarder akka jettetti carraa kanatti ''miira addaa keessa seenuu' fi maatin isaanis akka hordofamu ta'a jedhameera. Hojii mukaa otoo hidhaa hin seeniin hojjataa turetti deebi'uu akka barbaadus himteetti ogeettin seera isaa kun. Bara 1983 nama ganna 22 kan ture Kenaard wayita sana cuuphee qabateetu daabboo same. Wayita sanatti cuupheedhaan nama hin waraannes hin madeessines, garuu hidhaa umrii guutuutu itti murtaa'e. Yeroo sanatti saamicha raawwachuus ofiisaatiif amaneera, kana jechuunis seera adaba nama balleessa raawwate ittin adaban 'Habitual Felony'darbeera. Seerri kun 'Three Strikes Law' jedhamees waamama. Akka seera kanaatti adabbiin murtaa'e adabbii maallaqaatti hin jijjiramu. Kenaard uffata dambii mana hidhaa diimaa uffatee wayita dhiyaate abbaan murtii akka gadhiifamu erga murteesseen booda, murtee dabarseef itti gaafatamummaasaa anatu fudhata jedhee dubbate. Wayita dhaddacharratti murtoon kun darbe hiriyoonni fi maatiin isaa gammadanii utaalanii dhaqanii itti maraman. ''Hundi keenya ni boonye''jetti intalli abbeeraa isaa Paatiriyaa Jooniis. Waggaa 20'n darbe akka hiikamu dubbataa turee jette. ''Dhimma Kenaard keessa kan adda ta'e gaafa umrii guutuu akka hidhamu itti murtaa'uufi haala hin eegamneen jireenyi isaa jijjiramee ''jechuun Kowaarder barruun the Guardian jedhamutti kan himte. Mana hidhaa Donaaldsan jedhamu Bisimeer Alabaamaatti argamutti ture jetti Kowaard, namni inni waan qabu itti dhiisee mana hidhaa seene.
oduu-45557177
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45557177
Waggaa 1ffaa BBC Afaan Oromoo: Odeessaalee hedduu dubbifaman
Waggaa tokkoffaa BBC Afaan Oromoo
BBC Afaan Oromoo bara darbe keessa Kunoo BBC Afaan Oromoo toora interneetiittiin erga oduu isin biraan ga'uu jalqabee waggaa tokko guuteera. Turtii waggaa tokkoo kana keessatti dhommoota siyaasaa, hawwaasummaa, dingadee, aadaafi artii, ispoortiifi dhimmoota saayinsiifi tekinooloojii irratti odeeffannoo namaaf kennan, nama barsiisaniifi nama bashannansiisan dhiyeessaa tureera. Oduu shan BBC Afaan Oromoo dhiyeesse keessaa kan sirriitti dubbifaman kudhan akka armaan gadiitti isiniif dhiyaataniiru. 1. ‘‘Eenyutu Waddeessa eenyutu Jaldeessa?" Haacaaluun nama waan sirbamuuf qofa sirbu miti jedhu namoonni sirboota Afaan Oromoo inni ergaa jajjaba qabu baaserratti barreessan. Sirboonni isaa humna jijjiiramaa, kan qalbiifi haala yeroo uummataa haalaan ol kaasee dhageessisudhas jedhu. Sirba inni ciigoon masakaman, qor-qalbiifi yaada ummataa calaqqisiisan aartiin miidhagsee gurra uummataan gahuun beekkamtii guddaa horatee keessa: 'Maalan Jiraa...' 'Jirra', geerarsawwaniifi kan biroo gurraafi qalbii saba ballaa qabataniiru. 2. Mormii haaraa Ambootti uumameen namoonni ajjeefaman Oduun kun waan Ambootti uumamee ture BBC Afaan Oromoo gabaase hedduu dubbifamedha. Yeroo sanatti konkolaatota gurguddoo shukkaara fe'anii magaalaa Amoo keessa darbaa turan seeraan ala jedhamanii qabaman. 3. Walitti bu'iinsa Oromiyaa fi Somaalee duuba maaltu jira? Rakkoo nageenyaa naannolee daangaa Oromiyaafi Somaalee gidduutti uumamaa ture yeroo gara garaatti BBC Afaan Oromoo dhiyeessaa tureera. Isaan keessa kan namoota baayyeen dubbifame isa kan ture. 4. Obbo Barakat Simoon aangoo gadi dhiisuuf iyyatan Giddugala Qo'annoofi Qorannoo Imaammataa Itoophiiyaatti, Ministira dame Indastirii ta'uun tajaajilaa yeroo jiranitti Obbo Barakat Simoon aangoo fedhii isaaniin gadi dhiisuuf iyyachuu isaanii qondaalli giddugalichaa tokko BBC'f mirkaneessan kan jedhus hedduu dubbifameera. 5. ''Waa'een namoota Naqamteetti du'ani odeeffame sirrii miti'' Oduun kun tibba Ayyaana Irreechaa naannoo magaalaa Naqamteetti wagga darbe gaggeeffame maxxanfame. Ayyaana Irreechaa magaalaa Naqamteetti gaafa Dilbataa kabajame hordofe jeequmsa uumameen lubbuun namaa kan darbeefi qabeenya irratti miidhan kan dhaqqabe yoo ta'u, eenyummaa namoota du'aniin walqabate wanti miidiyaalee hawaasaa irratti barreeffame dogongora ta'u mootummaan naannichaa BBC'tti dubbatee ture. 6. "Guyyoota 20 oliif na gudeedan, abbaan warraa koo eessa akka jiru hin beeku" Baqattoonni Oromoo Somaaleetii buqqa'anii 4,000 ol kan keessatti argaman kaampiin Hammaarreessaa keessa kan jiran waan isaan mudate BBC'tti himanii turan. Isaan keessaa seenaa hamaa isheefi Oromoota baqataniira ga'e dubbatti. 7. Mootummaan Ameerikaa walitti bu'insa Oromiyaa fi Somaalee jidduurratti ibsa baase Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru, waa'ee rakkoo daangaa Oromiyaafi Somaalee gidduu ture irratti ibsa cimaa qorannoon akka gaggeeffamu gaafatu baase. 8. 'Hojiin amma hojjechaa jiru hojii dhuunfaa kootii miti' - Dr. Nagarii Leencoo Oduun kun Ministira Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Dr. Nagarii Leencoo kan ture waa'ee hogganaan Abbaa taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa yeroo sanaa ibsa isaan miidiyaaleetiif kennan yaada dhuunfaa isaanii ibsatan jechuun dubbaterraatti yaada kennan ture. 9. Jiruu Pireezidantoota duraanii Itoophiyaa lamaan Jireenyi pirezidaantota Itoophiyaa duraanii lamaanii--Girmaa Walda Goorgisiifi Dr. Nagaasoo Gidaadaa maal akka fakkaatu walbira qabuun dhiyeessinee turre. 10. Jawaar Mohammad maaliif biyyatti deebi'a? Mormii waggoota afran darbaniif Itoophiyaa keessatti adeemaa tureefi jijjiirama amma biyyattii keessatti mul'ataa jiru waliin yeroo mara maqaan isaa kan ka'u, xiinxalaa siyaasaafi direektara OMN Jawaar Mohaammad gaaffiif deebii Istuudiyoo BBC'tti argame nu waliin taasise.
oduu-48173879
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48173879
Adurree, simbira halkaniifi kanneen biroo: Seenaa bineeldota basaasummaaf fayyadan
Seerri basaasummaa 1ffaa-basaastuu hin fakkaatiinidha.
Tibbana gosti qurxummii Beluga whale jedhamu, basaasaa Raashiyaati jedhamuun qabamuunsaa dubbii ijoo taheera. Beluga whale maqaasaa yoo taheef- qaamolee bishaanii Norweey keessa jiraata, bineensota basaastummaaf fayyadan keessaati. Garuu dogoggora bu'uuraa waa faana bu'uu irratti hojjete. Dhimmi qurxummii kiyyeessitoota Noorweeyfi saayintistoota shakkisisee waanjoofi mallattoon irra jiru Ruusiyaa Piitarsbarg irraa akka tahe himuu isaati. Raashiyaan kana dalaguu haalteetti- hanga yoonaa immoo bineensi beluugaa sunis homaa hin dubbanne. Dubbachuu hin danda'umoo, hin barbaadu? Bineeldota dhoksaadhaan basaasaaf fayyadamuun kuni isa jalqabaa miti. Oppireeshinii adurree bishaanii Waraqa ragaa ajjeechaa Waanti waa'ee adurreewwanii beeknu yoo jiraate, waan barbaadan yeroo barbaadanittti gochuu danda'u isaaniiti. Isaaniin hubachuufi tilmaamuun rakkisaa waan taheefi, CIAn basaastota dirree gaarii ta'uu akka danda'an kan yaadan. Bara 1960 keessa maallaqni doolaara miiliyoona 14 ta'u adurree keessa meeshaa kaa'uuf baheera. Yaadichi akka icciitii basaasa Ruusiyaa foolii fuudhan ture. Garuu guyyaadhuma jalqabaa kufe- naannoo embaasii Sooviyeet Waashingitan jiru, konkolaataa fiigichaan darbuuf jettu qabamte. Bombiiwwan simbira halkanii Callistoota dha. Dukkana dahoo godhachuun hojjetu, yeroo baayyee holqa dhoksaa keessa jiraatu. Gulantaa basaasummaa isa sirrii dha- Ameerikaan waan barbaaddu keessaa tokko. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa, hakiimoti ilkaanii, simbirroota halkanii keessa meeshaalee xixiqqoo ibidda tufan kaa'u yaada kaasanii ture. Yaadi isaanis simbirrooti halkanii sun magaalawwan Jaappaan iddoo gamoowwan jiran irratti ibidda akka gadhiisan ture. Yaaliiwwan baayyyee taasifamaniiru- xayyaara gubanii qilleensarraa buusuu dabalatee. Garuu kunis hin hojjenne. Ilbiisota dhaggeeffatan Ilbiisota baaxiifi utubaarraa deeman fayyadamuun basaasuufillee yaaliin taasifamee ture. Bara 2008tti, dhaabbatni qorannoo Ittisaa Ameerikaa ilbiisa keessa wadaroo elektiriikaa kaa'uun akka to'ataman gochuuf yaalanii turan. Lafa diinni kee jiru meeshaa dhaggeeffattuu xiqqoo balalaiisuun, waan qoosaa ture. Bineensota birootiinis piroojektiin wal-fakkaataa yaadameefi yaalamee ture. Teekinolojiin amma jiru garuu meeshaa ilbiisaa fakkaatu hojjechuu irratti xiyyeefachaa jira. Himannaa dogoggoraa Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa Ameerikaa, Raashiyaafi Israa'el doolfinii fayydamuun barbaacha bishaan keessaa gaggeessaniiru. Bara 2007tti loltoonni Iraan ''osoleewwan basaastuu'' 14 iddoo biqilooti niwuukileeraa oomishamanitti qabataniiru. Maaliif achi akka dhaqan amma yoonaa waanti barame hin jiru. Simbirooti baayyees dhaaboota basaasaa baayyee ni yaaddeessu. Bara 2013tti, qondaaltonni Masrii simbira afaan isaatti waa qabachuu shakkuu isaanii qofa miti. Tajaajila nageenyaaf bilbilli irratti hidhamee ture. Garuu basaasummaaf hin turre saayintistoota Fireenchiitu sochii simbirichaa to'achuuf itti hidhe. Qamalee Haarpuul Basaasummaan haa milkaa'uu dhabu malee warri kaan seenaa himamullee qabu. Akka qamalee Haarpuul miti. Shekkoon akka jedhutti, yeroo waraana Naapoliyoon dooniin Firaans naannoo Kaaba baha Ingilaanditti caccabee ture. Jiraattoonni magaalaa Haarpuul isa dura qamalee arganii hin beekan, nama Faransaayis yeroo jalqabaafi kan argan. Waan inni odeessu afaan diinaati jechuun himatan, qamalittis basaastuu Firaansiiti jechuun qarqaruma galaanaatti qabatan.
oduu-45293415
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45293415
Suuralee Afrikaa torban kanaa: Caffee keessaa daakuu fi nyaata Rolex
Suuraalee babbareedoo Afrikaa keessa filataman
Sudaan Kibbaa - intalli xiqqoon tokko caffee keessa gaafa Dilbataa taphachaa turte. Maatiin intala kanaa waraansa waliinii baqatanii iddoo kana jiraachaa jiru. Masrii, Kaayiroo - Ayyaana Iid al-Adihaa duratti ilmi abbaansaa gaala gurguru, gabaa gaalaa keessatti kolfee taphata. Maalii, Baamaakoo - Jala bultii ayyaana Iidaa irratti, dubartiin hiinnaa harkaan faayamte akkasiin agarsiisaa turte. Ibaafoo, Naayijeeriyaa - gaafa ayyaana Iid al-Adihaa intalti abbaashee waliin wayita salaatan Moqaadishuu, Somaaliyaa - gaafuma ayyaanaa, gurbaan qawwee taphaa (sobaa) wayita taphatu. Maatiin ijoollee isaaniif gaafa ayyana kanaa yeroo baayyee qawwee sobaa akka kennaatti bituuf. Ceuta, Spain - godaantonni Afriikaa keessaa wayita wiirtuu godaantotaa hgahan akkasitti gammachuusaanii ibsatan Maqalee, Itoophiyaa - Dubartoonni Ayyaanni Ashandaa kabajamuusaatiin dura gara gabaa bahuun faayaa fi meeshaalee isaan barbaachisu bitatu. Naayijeeriyaa, Osun Sacre Grove - Malkaa kabajamu fi safeeffamu kanatti namoonni bishaan kun dhukkubarraa akka fayyisuu fi warra dhala dhabaniif furmaata akka tahu amanu. Ugaandaa - miseensi paarlaamaa mormituu fi weellisaa kan tahe Boobii Waayin, gocha biyya kaaduun himatame. Kaampaalaa, Ugaandaa - namichi kunammoo nyaata chaappaatii jedhamu wayita tolchaa turetti. 'Rolex' lammiilee Ugaandaan hedduu jaalatama. Innis kuduraan garagaraa chaappaatiin maramee dhiyaata. Mirgi suuraalee kan AFP, BBC, EPA fi Reuters
oduu-48048325
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48048325
Guyyaa Busaa Addunyaa: Busaan maali, attamiin ittisuu dandeenya?
Busaa attamiin ittisuu dandeenya?
Busaan bookee busaa faalamaniin tatamsa'a Dhibeen yaalamuufi irraa fayyuun danda'amu kun ammallee namoota hedduu ajjeesaa jira. Daqiiqaa lama keessatti daa'ima tokko galaafata. Waggaatti namoota miliyoona 200tu akka haaraatti busaan qabama jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa. Jaarraa darbe keessa gama busaa ittisuun hojiin guddaan hojjetamee ture. Bara 2015 hanga 2017 gidduu garuu lakkoofsi namoota busaan qabamanii hanga barbaadamu hir'isuun hin danda'amne akka Gabaasni Busaa Addunyaa ykn 'World Malaria Report' mul'isutti. Eebla 25 Guyyaa Busaa Addunyaati, waa'ee busaa wanti beekuu qabdan kunooti; Mallattoowwan Dhiibbaa dhiigaa olaanaa, qorrii fi mata dhukkubbiin mallattoolee busaa keessaa muraasa Mallattoowwan busaa - ho'a qaamaa olaanaa, mata dhukkubbii fi qorra yoo ta'u yeroo hedduu busaan qabamanii guyyoota 10-15 gidduutti mul'atu. Sa'aatii 24 gidduutti hin yaalamu yoo ta'e busaan P. falciparum jedhamu dhukkuba jabaa lubbuu galaafachuu danda'utti nama geessuu danda'a. Eentu saaxilamaadha? Daa'ima dhukkuba busaan qabamte Bara 2017 keessa baayyina uummata addunyaa keessaa walakkaan dhibee busaaf saaxilamoo turan. Keessattuu daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadii ammoo daranuu dhibee busaaf saaxilamoodha: Bara 2017 keessa namoota dhibee busaatiin du'an keessaa daa'imman harka 61(266,000). Dubartoonni ulfaa fi namoonni dandeettiin dhibee ofirraa ittisuu isaanii laafaa ta'ellee dhibee busaaf heddu saaxilamu. Naannoo akkamiitu haalaan miidhamaadha? Iddoowwan dhibeen busaa baay'inaan itti argamu:Afriikaa, Eeshiyaa fi Ameerkaa Kibbaa Akkaataa ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti dhibeen busaa baayyinaan biyyoota Sahaaraan gadii miidha. Akkasumallee Kibba Baha Eeshiyaa, Baha Meediteraaniyaanii, Paasfik gara lixaa fi kutaalee Ameerkaa ni miidha. ALA bara 2017 keessa biyyoonni shan dhibee busaa akka addunyaatti mudatu keessaa walakkaa qooddatanii turan: Naayijeeriyaa(25%), Rippaabilika Dimookiraatawaa Koongoo(11%), Moozaambik(5%), Indiyaa(4%), fi Yugaandaa(4%).EEn Tatamsa'ina Bookee busaa nama hiddaa jirtu Yeroo baayyee dhibeen busaa kan daddarbu wayita bookeen busaa dhaltuun 'Anopheles mosquitoe' jedhamtu nama hiddituudha. Bookeen busaa dhaltuun gosoota 400 caalantu jiru. Kanneen keessaa 30 kan ta'an haalaan kan dhibee busaa daddabarsaniidha. Bookeen busaa dhaltuun jalqaba hanqaaquu ishee bakka bishaan qabutti buusti, isa booda hanqaaquushee keessaa ilmaan yaasuun gar laarvaatti guddisti, sanaan booda bookee busaa ta'anii ba'uun hojii eegalu. Bookeen busaa dhaltuun daa'immanshee guddisuuf dhiiga xuuxxee fiduu qabdi, wayita kana dhibee busaa nama qabsiisti jechuudha. Ittisa Bookee busaa saaphana siree irra jirtu Malli ittiin dhibee busaa ofirraa ittisan beekamoon lamaan-saaphana siree(insecticide-treated mosquito nets (ITN)) fi dawaa farra dhibee busaa(indoor residual spraying (IRS)) - isaan yeroo baayyee itti dhimma baanuudha.. Saaphana siree godhachuun qaamni keenya si'oominaan akka bookee busaa ofirraa ittisuu fi qorichi farra ilbiisotaa saaphanni kun cuuphame akka gaachanaa ta'ee dhibee busaa akka nurraa ittisuuf gargaara. Dawaa farra ilbiisotaa biifuun ammoo bookeen busaa mana keenyaa akka dhabamtu taasisa, kan biifamu waggaatti tokko ykn lama ta'uu danda'a. Gama kaaniin imaltoonni , dubartoonni ulfaa fi daa'imman dawaa farra dhibee busaa fudhachuuun ofirraa ittisuu ni danda'u. Qorannoo fayyaa fi wal'aansa Dursanii qoratamuu fi yaalii argachuun dhibee busaa jalaa baraaramuuf gaariidha Dhibee busaa wal'aansaan irraa fayyuun ni danda'ama. Mallattoolee dhibee busaa daqiiqaa 30 keessatti qorachuun adda baasuun ni danda'ama. Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti qorannaan fayyaa fi wal'aansa duraa dhibee busaarraa fayyuu, du'aatii sababa kanaan dhufu hanqisuu fi tatamsa'ina dhibee busaa hir'isuuf ni fayyada. Yaaliin dansaan dhibee busaa irratti hanga yoonaa jiru, keessatti gosa 'P. falciparum malaria', 'artemisinin-based combination therapy (ACT)' jedhamuun beekama. Farra ilbiisotaa fi dawaa biroo dandamachuu Dawaa dandamachuu bookee busaa to'achuuf dhiigni ilaalamuu qaba Dhaabbati Fayyaa Addunyaa bookee busaa dhaltuun ishee dhibee busaa daddabarsitu dandeettiin qoricha farra ilbiisotaa fi dawaa biraa dandamachuu ishee akkaan dabalaa jiraachuu ibse. Kunimmoo dhalli namaa dhukkuba busaa ofirraa ittisuuf akka rakkatu taasiseera. Malli ittisaa fi to'annoo dhukkuba busaa amma jiru yeroo ta'etti wayiitti dhaabbachuu mala sodaan jedhus ni jira. Gabaasi Dhibee Busaa Addunyaa ba'e akka agarsiisutti bara 2010-2017 gidduutti dandeettiin dawaa farra ilbiisotaa dandamachuu bookee busaa biyyoota 68 keessatti gosoota dawaa shan irratti haalaan mul'ateera. Qoricha farra dhibee busaa dandamachuunis rakkoo hammaataa kan dhibiidha.
oduu-45141750
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45141750
Suuraawwan hawwatoo torbee kanaa: Hagayya 3, hanga 9, 2018
Filannoo suuraawwan babbareedoo Afrikaafi addunyaa mara irraa.
Dubartiin tun nama kuma hedduu ka simmana peetriyakii mana amantii ortodoksii Abune Merqorios Finfinne dhufe keessa jirti. Ijoolleen dhiira ka gaafa Abune Merqorios Ameerikaati waggaa 27 ka darbe baqate dhalatte, galma Barkumeee keessatti faarfachaa turan Kibxata, loltuun Ayivoorii Koosti fuula halluu alaabaa biyyaa, magariisa dibate, ayyaneeffachuu waggaa 58 ka Faransaay irraa walabummaa argate. Jaarsi uffata Khoi San qabu walgahii hawaasa ka mootummaan Afriikaa Kibbaa karoora lafa ferenjiin qabdu kaffaltii-malee irra fuudhuu fedhuu dhaggeeffata Guyyaa lammeessoo, uummati konkolaataa poolisiin itti faayyadamee gaafa Nelson Maandellaa waggaa 56 ka darbeen wal-fakkaatu agarsiisan Kibxata, barataan injiinara, konkolaataa qilleensatti faayyadamu oofe, magaalaa Kaayiroo Masrii keessa. Wiixata, namni tokko qormaata masriin onnee keessa jirtii jedhu bira bahe Guyyuma suni, dubartiin Zimbaabwee suuraa pireezidaantaa Emmerson Mnangagwa ilaalti magaala Harare keessatti. Guyyaa sun duraani ijoolleen tun mana barumsa dilbata mana amantii katolikii ka Harare deeman. Dubartii keeniyaa ka fira isi bombiin Al-qaaidaa wagaa 20 ka darbe Nairobi dhukaasite ijjeefte maqaa nama 200 ka due dubbisiti. Gurguraan kun hoolaa isa maamila geesa. Ayyani Iddii kun ka soorio qalan qaabchaa Ibraahim ilma isaa soorioo baasuu fedhe Masrii keessatti kamiisa , dhirtii lama hoolaa Eid al-Adha. qalamuu sayikiiti fa'ate. Yaabbataan magaalaa Benighazii Liibiyaa keessatti dandeetti farda agarsiisa Fakiiwwan kun AFP, Getty Images, Reuters fi EPA irraa walitti qabaman.
oduu-47451972
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47451972
Gaanaa: Biyya namuu barfatee hojii akka galu eegamu
Biyya namni hundi barfatee hojii dhaqu beektuu?
Lammiileen Gaanaa qoosaa sa'aatiirra qabaniin 'GMT'n ''gabaajee ''Ghana Maybe Time''tti hiikama jedhu Gaazexeessituu fi Ministirri duraanii Elizaabeet Ohene, Gaanaatti sa'aatii ilaaluun yeroo keessan gubuudha jetti. Gaafa Ministirri Olimpikii Jaappaan Yoshitakaa Sakuraadaa yaa'ii Paarlaamaarratti daqiiqaa 3 barfateef uummata dhiifama gaafachuuf dirqame sana, Jaappaan ta'uu dhabusaaniitti Ministiroota Gaanaa meeqatu Waaqa galateeffatan jedheen yaade. Hojjattootni barfataniii iddoo hojii dhaquun Gaanaatti baratameera. Dhugumatti akka barfatanitu eegama. Ani gaafan Ministira Gaanaa ture, sa'aatii hojii koo kabajeen iddoo hojiitti argama, namni sa'aatii hojii eegde argamti jedhee na eegu garuu hin turre. Baayyeen keenya Pirezedantiin biyya keenya yeroodhaan hojiisaarratti argamu otoo jiraatee, aadaa yeroo kabajuu keenyaa jijjira jennee yaadna turre. Kana booda Pirezedantiin Gaanaa John Kufoor yeroo kabajanii hawaasa tajaajiluu jajjabeessan. Pirezedantichi sa'aatii hojiisaanii eeguun akka hojjatan gaafachuun, namootni biroos irraa baratanii yeroo hojiisaani akka kabajan gochuuf ture. Kun muuxannoo nama gammachiisu ture. Waan nama qaanessu, dippiloomatoonni gara biyya keenyaa dhufan hojii jalqabuuf yeroo dheeraa waan guban itti fakkaatetu barfatanii argamu. Tarii yeroo gabaabduu Gaanaa wayita turan yeroo eeganii hojii eegaluu dhabuu baru. Sirni muudama Pirezedanti ammaa Gaanaa Naanaa Akufoo Aaddoo barfatee eegalame, garuu hojiinis barfannaan akka eegalamu fakkeesse. Pirezedantichi garuu yeroo kabajuun fakkeenya akka ta'an waadaa seenan. Wayita sanarraa eegalee hojiirratti yeroon argamuuf tattaafatu.haa ta'u malee yeroo kabajuurratti jijjirama guddaa hin fidne. 'Daandiitu cufame' Konkolaataan imaluuf daandiin magaalaa keenyatti cufamuun barfannaaf sababa tokko. Walgahiin hedduun daqiiqaa 45 booda eegalu. Mana kootii qabee amma biiroo kootti imaluuf daqiiqaa 20 ykn 40 ykn sa'aatii tokko natti fudhata. Gaaf tokko sirumaayyuu sa'aati 1:30. Namni laaqanaaf affeerte yeroon inni sa'aatii irbaatayyuu dabarsee argamutu jira. Dhimmi kun adeemsa jireenyaa hundaarratti dhiibbaa qaba. Namni uffata naaf hodhu torban 3 keessatti akka hodhu natti himee garuu carroomeen ji'oota 3 boodan argadhe. Rakkoon jiru yeroon eegaluu dhabuu qofaa miti, yeroon goolabuu dhabuunis jira. Pireezidaantonii Gaanaa lamaan kunniin haala sa'aatii fooyyeessuuf yaalii taasisaniiru
oduu-48470184
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48470184
Filippiinsi balfa pilaastikaa Kanaadaatti deebiste
Filippiinsi pilaastikii balfa ittiin jette deebsitee Kanaadaatti ergite.
Balfa konteenarii keessa jiru Waldhibdee hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii booresseen booda Pirezidaantiin Filippiinsi ''Kanaadaaf balfa ishee ni deebisnaaf, biyyasheetti haa kuufattu'' jechuun dhaamsa dabarsan. Pilaastikiin deebifamee hojiirra oolfama jechuun bara 2014 keessa Kanaadaan gara isheetti ergitee turte isa sobaa ta'uusaati Filippiinsi kan beeksiste. Murtee Filippiinsi booda Kanaadaanis baasii balfi kun ittiin fe'amu hundaa akka baastu waadaa seenteetti. Haala kanaan balfi gosoota pilaastikii garaagaraa of keessaa qabu kan konteenara 69 ta'u Filippiinsi kaaba Manila irraa ka'uun gara Kanaadaatti geejjibsiifameera. Balfi toonii 1,500 ta'u kun utuu ji'i Caamsaa hin dhumin Magaalaa Kanaadaa kan taate Vancouver seenuu qaba. Kosii/balfa pilaastikaa naannoof yaaddoo ta'an gara artii daawwatamuutti jijjiiruu. Paarlaamaa Kanaadaatti Dura Taa'aan Koree Dhimma Eegumsa Naannoo Sean Fraser ''Kun wayita biyyoota waliin balfa walirraa fudhachuurratti waliif gallu seera idil addunyaa gama kanaan jiruuf bitamuu akka qabnu agarsiisa'' jedhan. Kanaadaan balfa kana Filippiinsi irraa kaasuuf hojjechaa turuushee kan dubbatan qondaalli kun Filippiinsi yeroo dheeraaf balfichi akka qulqullinashee jeeqee fi irraa ka'uu akka qabu iyyachaa turteetti jedhan. Biyyoonni Kibba Baha Eeshiyaa hedduun isaanii balfa biyyootnni lixaa gara isaaniitti galaanarraan geejjibsiisan akka irraa kaasaniif iyyachaa jiru. Balfi warra lixaa deebi'ee hojiirra oola jechuun gara biyyoota Kibba Baha Eeshiyaa ergan faayidaa kan hin qabnee fi seeraan aladha jechuun komatu. Baayyinni balfaa biyyoonni guddatan gara alaatti erganii erga Chaayinaan balfa biyyoota alaarraa fudhachuu dhaabdeeti kan ifa ba'e. Chaayinaan biyyoota balfa baayyinaan gara biyyashee galchuun beekaman keessaati. Biyyoonni guddatan balfa biyyasaanii baasanii gatuuf jecha maqaa balfa deebisanii hojiirra oolchuu jedhuun gara biyyoota guddataa jiraniitti erguun ofirraa gataa jiraachuunis ifa ba'eera.
oduu-50429825
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50429825
'Faashiniin Damboobaa' dubartoota hedduun jaallatamaa jiru kami?
Waandaboo hanga koronyootti dheeratu, surree babal'aa...
Jodii Maariyoot-Beekar [Bitaa] fi Aashaa Mohaammud [mirga] Kun 'faashinii damboobaa' ta'edha. Jechama kana dhageessanii hin beektan yoo ta'e, kun haala ammayaa'een uffannaa qaama guutessa ta'e uffachuu jechuudha. Karaa ammayaa'ee damboobaa ta'een uffachuun shamarran Musliimaa birratti kan beekame yoo ta'eyyu uffannaan kun kan amantaa kamiinuu daangeeffame miti. Ammammoo caalaatti beekamaa jira. Xumura maxxansa Instagram, 1 "Faashiniin damboobaa caalaatti hirmaachisaa ta'aa jira," jechuun shamarreen ganna 21, biloogariifi moodeelii taatee Inistaagiraamii [Instagram] gubbaarratti hordoftoota 27,000 qabdu, Aashaa Mohaammud ni dubbatti. "Akka ani yaadutti amma dubartoonni dhiraaf bareeduuf hin uffatan - ofiif bareeduuf malee," jechuun BBC Newsbeat'tti himteetti. "Kana booda uffannaa harma ol dhiibu caalaa - uffannaa gutuu ta'uu danda'a". Biloogariin faashinii Jodii Maariyoot-Beekar miidiyaa hawaassummaafi yaadotiin geddaramaa jiraachuun namooti maqaa fashiiniin uffannaa qaamaa hin mul'isne jallaachaa akka dhufaniif sababa ta'eera. "Kana booda akka fashiinii namooti dullooman uffatanitti hin ilaalamu," jetti. "Rogeessoti faashiinii Inastagiraamiirra jiran uffanaa toluu fi eenyuyyu uffachuu danda'u akka ta'e agarsiisaniiru." Geeddaramsa kana biloogaroota qofaammo miti. Akka gabaasaa daldalaatti maamiloonni suuqii biyya Biriteen damee heddu qabu 'John Lewis', uffannaa " garmalee nama qabuufi nama dhiphisurra" uffannaa "dheerina qabuufi dhaqnatti hin maxxanne" filachaa jiru. Kun suuqii John Lewis qofaan kan shaakalam miti, suuqootiin hedduu gurgurtaa uffanaa damboobaa guddisaa jiru. Isaan keessa kan milkaa'ina guddaa qabaate tokko suuqii Ispeen Zaaraadha Biloogarooti faashinii sababa uffannaa dheeraa fi babal'aa qabuun suuqii kana akka faakkeenyaa faashinii damboobatti fudhachuun, sababa barbaadamni isaa hedduu dabaleef faashiniin kun "intarneeta cabse" jechuun ni qoosu. Shamarreen Musliimaa Aashaa, "faashiniin damboobaa namaa namatti adda," jettee amanti. "Faashiniin damboobaa Musliimaa ta'uurra kan darbeedha. Kana booda amantaa waliin wal hin qabatu. Faashinii haaraadha." ‎Fashiiniin kun dhimma gudda waan ta'ee jiruuf eejansooti moodeelii shammarree moodeelii faashinii damboobaa kana uffataaniif qofaaf addatti hundeeffaman ni jiru. Dhaabata 'Umma Models' kan hoggantu Shaamii Hammuudaa, barri 2020 waggaa faadhiiniin damboobaa sadarkaa olaanatti guddatu jettee amanti. Daldala ishee waggaa tokko dura yeroo eegalte maamiltoota afur qofa qabdi ture, amma garuu 60 ol bakka buuti. "Namootni jireenya isaani guyya guyyaa keessatti damboobumma yeroo fayyadaman ni agarta, midiyaalee keessatti garuu bakka bu'umsa hin qabu. Kana booda aadaa ta'a jedheen hawwa," jetti. Faashiniin damboobaa waggootiif hedduuf kan ture kan jetti Shaamiin. " Biriteen bara 1950'n keessa yoo deebinee ilaallee faashiniin damboobaa aadaa ture. Namni hundi wanta harka guutuufi hanga koronyootti dheeratu uffata ture," jechuun BBCtti himteetti. Faashinii bara 1950'n ‎