id
stringlengths
8
17
url
stringlengths
40
49
title
stringlengths
21
147
summary
stringlengths
21
777
text
stringlengths
264
23.2k
oduu-46860087
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46860087
Mar'ataan silmiin 500 qaama isaa irraatti argame, dhibee hir'ina dhiigaaf yaalame
Bofti qaama isaa irraatti silmiin 500 ol ta'u argame baay'ee dadhabuun erga argamee dhibee hir'ina dhiigaaf saaxilamuu isa ogeessooni himaniiru.
Mar'ataa maqaa Naayik jedhamuun beekamu Kun Awustiraaliyaa Gooldi Kosti naannoo Kiwiinsi Laanditti kan raawwate yoo tahu warri bofa qabuun beekaman torban darbe kuusaa bishaan daakaa keessaa baasan. Bofti yaaliin taasifameefii kun maqaa masoo Naayik jedhamus qaba. Faalama isa mudate irraas akka bayyaannatuuf ogeessotni yaalii bineeldotaa yaalii taasisaniiruuf. Dhibeen isa mudate sochii waan isa dhorkeef silmiin 500 ol qaama isaa irra akka qubatan taasisuusa Hospitaalli Kurumbin jedhamu bineensota bosonaaf yaalii taasisu himeera. Ogeessooni silmii 500 ol qaama mar'ataa irraa balleessan Ji'oota dhufan keessattis akkuma yaalii guutuu argateen mar'ataa kana gara bosonaatti akka gadhiisuuu dhaabbanni tajaajila bineensotaa beeksiseera. Dhibee hir'ina dhiigaa isa mudate kanaafis dhiiga dabalatee akka soorata argatu tahaa jira. Silmiin dhiigaa bineensaa xuuxuun dhibee hir'ina dhiigaa fiduu danda'u.
49029635
https://www.bbc.com/afaanoromoo/49029635
Balaliin xiyyaaraa Finfinnee fi Asmaraa gidduutti deebi'e maal buuse?
Daandii Xiyyaara Itoophiyaa tajaajila balalii waggaa har'aa Finfinnee fi Asmaraa gidduutti erga jalqabee imaltoota 130,000 deddeebisuu isaa Manaajerri Korporeet Komunikeeshinii dhaabbatichaa Obbo Asraat Bagaashaw BBC'tti himan.
Shaampaanyiifi Abaaboon wayita imaltootaaf kennamu Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa qilleensa Asmaraa fayyadamuun imala isaa gara biyyoota Awurooppaa fi Baha Giddu-galeessaatti taasisun akka sa'aatiin balali'uu hir'atuufi boba'aa fayyadamus qusatu taasiseera jedhu. Daandiin xiyyaarichaa gara Asmaraatti balali'uu jalqabuusaatiin fayyadamaa ta'eera jedhan Manaajerichi. Waggaa darbe Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gara Asmaraatti balali'uu yeroo jalqabu haala baay'ee adda ta'eefi miira ho'aan ture. Yeroo sanattis, jila ministira muummee duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyiifi Hogganaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Tewolde Gabramaariyaamiin durfamuun balaliin jalqabaa taasifame. "Tajaajilli balali'uu kun waggaa digdamaan booda kan jalqabame waan ta'eef baay'isee waan addaa ta'ee ture. Daandii Xiyyaara Itoophiyaafis buufata 115ffaa waan tureef addadha. Keessattuu ammaa walitti dhufeenya saboota biyyoota lamaanii kan walitti fidu waan ta'eef gammachuu adda ta'e kan namatti horudha," jedhu Obbo Asraat. Obbo Asraat xiyyaara jalqaba balali'een namoonni imaluu barbaadan galmeen jalqabamee sa'aatii sadii keessatti akka guute seenaa keessatti akka yaadatamu dubbatan. Ji'a tokkoon booda fedhiin jiru imaltoonni dabalanii balalii dabalataa jalqabuu dandeenyeerras jedhan. Namoonni maatii isaaniin waggoota dheeraf gargar citani turanis xiyyaaricha keessa jiru. "Sagantaan balalii kun itti fufuudhaan hanga har'aatti guyyaatti si'a lama ni balaliina. Kana jechuun ammoo torbanitti si'a 14 jechuudha." "Hanga har'aatti imaltoota 130,000 ol ta'an deddeebisuu dandeenyeerra. Kun imala kallattii lamaan—Finifinnee gara Asmaraa, Asmaraarraa ammoo gara Finfinneetti taasifamedha." Turtiin waggaa tokkoo balali'uu gara Asmaraatti taasifnee kun seena qabeessa qofa osoo hin taane baay'ee milkaa'aa kan turedha. "Dhugaadha waggaan tokko darbe kun kan ittiin ashaaraa dabalataa keewwannedha." Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa waggoota 20 erga addaan cite booda gara Asmaraa, Eertiraatti balali'uu jalqabuun isaa hariiroo saboota biyyoota lamaanii gidduu jiru cimsuudhaaf ga'ee guddaa taphateera. Haaluma kanaan garu jalqabaa saboota biyyoota lamaanii addaan bahanii turan kana walitti fiduuf balali'aa turee boodarra ammoo sagantaa idilee baafatee hanga har'aatti hojii balali'uu milka'aafi bu'a qabeessa taasisaa jira jechuun ibsan Obbo Asraat. Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gara Asmaraatti balali'uu jalqabuun bu'aa addaa isaaf argamsiiseera akka Obbo Asraat jedhanitti. "Naannoo qilleensa Ertiraa fayyadamuu danda'uu keenyaan, balaliiwwan idil-addunyaa biroo duraan karaa dheeraarra qaxxaamuraa turre gabaabsachuu dandeenyeerra. Kun ammoo haala baasii qusachuu danda'uun tajaajila akka kenninu nu dandeessiseera. Kun nuun industirii aveeshinii keessatti fayyadamoo nu taasisa." Balaliiwwan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa gara biyyoota Awurooppaafi Baha Giddu-galeessaatti taasisan qilleensa Asmaraa fayyadamuurraan saatiin balali'uu duraan ture xiqqaachuu danda'eera. Kana malees baasiin boba'aaf bahu akka hir'atu taasisuu himan Obbo Asraat. Balala'iinsi kun waliigaltee biyyoota lamaan gidduutti nageenya buusuufi hariiroo hawaas-diinagdee adda citee ture deebisuuf hoogantoonni Itoophiyaafi Eertiraa erga walii galanii booda kan jalqabe waggaa darbe ture.
50724213
https://www.bbc.com/afaanoromoo/50724213
Itoophiyaa: Daa'imni kudhaama mormaa waliin ni dhalachuu dandeessii?
Gabaasa Amhara Mass Media'n baaseen, Bulchiinsa Hawaasa Awwii, aanaa Daangilaatti, buufata fayyaa Abbaa Daraatti daa'imni mormasheerraa mallattoo addaa 'waan kudhaama fakkaatu' qabdu dhalachuushee himeera.
'nuchal chord' kan mudatu wayita hiddi handhuura daa'imaa digrii 360 morma da'immaatti yoo maramudha Gabaasichi 'daa'imni gaafa Onkololeessa 27 dhalatte kuni mallattoo kudhaamaa hordoftoonni amantii Kiristaanaa mormatti keewwattee dhalatte jechuun haati nutti himte' jedha. Miiidiyaaa hawaasummarrati dhimmi kun dubbii ijoo namoonni irratti haasa'anii fi falmanis tahee jira. Dhugumaan daa'imni kudhaama waliin ni dhalatti? Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, Hospitaala Riifaraalaa Gobbaa kan hojjetan Doktar Ol'aanaa Waaqwayyaa, afaan saayinsiitiin yeroo hiddi handhuura daa'imaa (umbilical cord) yeroo morma daa'imaatti maramu 'nachul cord' jedhama jedha. Kan naannoo Amaaraatti ta'e kun hiddi handhuuraa mormatti maramuu ta'uu fi dhiisuun hin baramne. Hiddi handhuuraa daa'imaa (umbilical cord) kuni ujummoo nyaatni haadharraa daa'imatti darbu yoo sababii sochii daa'imaatiin ala lama sadii morma daa'imaatti maramuu ni danda'a. Haa ta'u malee kan miidiyaa hawaasumma irratti argine al tokko qofaa kan maramedha jedhan. Taateen hiddi handhuuraa mormatti maramuun gadameessa keessattiifi adeemsa ciniinsuu irratti kan daa'ima ajjeesuu danda'udha jedha doktar Ol'aanaan. Nagaatiin kan dhalachuu danda'anis yoo ogeessi fayyaa harka galchee yoo isa mormatti marame baase qofadha jedhu. Haa ta'u malee daa'imni osoo hiddi handhuuraa mormatti marame irraa osoo hin bahiin dhalachuun, carraa baayyee xiqqoo ta'e yoo taheyyuu, daa'imni nagaan dhalachuu ni malu jedheera. Erga dhalatee boodas akkuma daa'ima kaani handhuurri irraa citee guduunfamuun kunuunsi barbaachisu kennamnaafin waanti yaaddessu hin jiru takka dhalannaan. Hiddi handhuuraa kun gadameessa keessatti handhuuraa hanga mormatti maramutti walqabataadha. Mormaaf handhuuratti gargar citee daa'imni jiraachuu hin danda'u jedha Dr Ol'aanaan. Erga dhalatee booda daa'imni gaafa handhuuramu irraa citeetu mormarratti hafuu garuu ni danda'a jedheera. Hiddi handhuuraa kun yeroo baayyee halluu dhiigaa kan ujummoo dhiigaa 'veenii' akka gurraachaa, kan 'artarii' immoo diimaa waan taheef, erga gadameessa keessaa baheen booda, halluu wal-makaa qabaachuu ni danda'a jedheera. Akka qorannoon 2018'tti Ameerikaatti taasifame agarsiisutti, daa'imman hidda handhuuraa isa mormatti maramu waliin dhalatan harka 12 ni ta'u. Ulfi harka 20-30 ta'anis daa'imti isaanii waanta akkasii qabaachuu danda'u. Yeroo baayyee kan dhalatan kan al tokko qofa itti marame yoo ta'an, daa'imni gadameessa keessa ta'ee geejibni dhiigaa yoo dhaabbate daa'imni du'uu danda'a. Kanaan alatti garuu ijoollee nagumaan dhalatan, yeroo baayyee garuu hakiimni isa mormarra jiru akkuma mataan mucaa gadameessa keessaa baheen irraa baasuu ni danda'a jedha.
oduu-52814574
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52814574
Koronaavaayiras: Keeniyaatti yaaliin talaallii Covid-19 Yuunvarsittii Oksifoord waliin ta'uun jalqabamuuf
Dhaabbanni qorannoo beekamaa Keeniyaa talaallii haaraa Covid-19 Yunivarsiitii Oksifoordiin qophaa'ee magaalaa Kiliifiitti yaalii akka jalqabu beeksise.
Yaalii talaallii Dhaabbantni Keemrii Weelkaam jedhamu kun qorannoo kanaaf hojjattoota fayyaa 400 akka barbaadu himeera. Addunyaa irratti qorattoonni talaallii Covid-19 argachuuf dorgomaati jiru. Kanneen keessaa immoo gareen Yunivarsiitii Oksifoord keessatti argaman ni dursu. Yaalii talaallii kanaa-ChAdOx1nCoV19 jiraattoota UK eeyyamamoo tahan kan kumaatamaan lakkaawwaman irratti ilaalamaa jira. Amma immoo Institiiyuutiin Qorannoo Fayyaa Keeniyaa yaalii kana Keeniyaatti lammilee biyyattii irratti taasisuuf jira. Namooti qorannoo kanarratti hirmaatan umrii 18 oliifi ogeessota fayyaa magaala qarqara galaanaatti argamtu Mombaasaa fi Kiliifii bakka yaaliin kun itti jalqabu tahuu qabu. Dhimma yaalii talaallii Afrikaa keessatti gaggeessuu irratti wal-falmiin jiraatus, qorattoonni kunneen garuu yaaliin tokkoyyuu otoo hin adeemsifamiin dura talaallichi gulantaa murteessaa keessa darba jedhan. Yoo talaallichi hojjeteef Keeniyaan kanarratti hirmaachuunshee ardii Afrikaaf barbaachisaa dha jedhaniiru.
oduu-47772692
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47772692
'Taabota Waaqarraa bu'e': 'Bataskaanni wanta akkanaa kana balaaleffachuu qabdi'
Oduun 'Taabonni naannoo Koyyee Facceetti Waaqarraa bu'e' jedhu erga dhaga'amee booda dubbii ijoo marsaalee hawaasummaa ta'eera.
Dhimmuma kana qulqulleeffachuuf BBC Afaan Oromoo aangawoota naannichaa fi mana amantaa Ortodoksii keessaa namoota dubbisuun gabaasa kana qindeessineerra. Bulchaan aanaa Koyyee Faccee Obbo Naannoo Alamuu waan BBC'tti himan, ''wanti miidiyaa hawwaasummaa irratti haasa'amaa jirus dubbii sobaati," jedhan. "Taabonni mana qotee bulaa galeera, kan gale dukkanaan ture. Dubbii kanas gara mana murtiitti geessineerra. Akka Obbo Naannoon jedhanitti wanti kun kan mana qotee bulaa gale torban lamaan duradha. Kaayyoo dubbii kana duuba jiru maal akka ta'e warra waan kana adeemanii odeessaa jiran waamnee qorachaa jirra kan jedhan aanga'aan kun, manni maree aanichaas dhimma kana irratti kora taa'uuf har'atti beellama qaba jedhu. "Dubbii kana namni maaliif haala kanaan odeessuu barbaade? Miidiyaa hawwaasummaa irrattis maaliif oliifi gadi oofamaa jira? kanneen jedhan poolisiinis dhimmicha qabatee qorachaa jira". Kaayyoon isaa lafuma saamuudhaaf, wanta biraa miti... 'Taabonni Waaqarraa bu'e' jedhamee odeessisisuus ta'e taabota mana nama dhuunfaa galchuun sababii barbaachiseef yaada isaanii yeroo kennan bulchaan aanichaa: "Kaayyoon isaa lafuma saamuudhaaf, wanta biraa miti. Kaayyoon isaa maqaa amantaatiin lafa qote bulaa qabachuudhaaf. Kaayyoon kanaan ala ta'e hin jiru. Kana akka aanaattis, akka bulchaattis gamaggamnes kanuma," jedhan. Maqaa amantichaa hin xureessuu...? Hojiin akkasii kun maqaa amantaa kanaa xureessa jechuudhaan hordoftoonni amantichaas mufii qaban dhiyeeffachaa jiru jedhan Obbo Naannoon. "Namoonnis kun attamitti ta'a? Mana qote bulaatti akkamiin gala? Amantaan keenya maaliif nu jalaa xuraa'a?" jechuun gaafatu jedhan. Kun amantaa keenya ni balleessa jechuudhaan hedduun mufii qaban gara aanaa isaaniitti galfatanii akka jiran kaasanii Obbo Naannoon, isaan waliin taanees mariyachaa jirra jedhan. Luba Balaay Mokonnin dhimma kana irratti yaada kennaniin, dubbiin akkasii kun amantii kana miidhudhaa jedhanii dubbichi dhugaa ta'uu hin danda'u jedhan. Wanti akkasii nama goyyoomsuudha, kan jedhan Lubi Balaay, "Dhuguma Waaqayyo raajii hojjechuu ni danda'a'' jedhu. Raajii kan hojjetu garuu namoota akkanaa fedhii foonii isaanii duuba godhatanii of fuuldura sagalee Waaqaa qabatanii deeman kana osoo hin ta'iin, warra dhugaadhaan Waaqa amane irratti Rabbi raajii kan hojjetu," jedhu. Rakkoon kanaan dura ture mootummaan lafa taabota itti dhaabbatan fudhadhaa jedhee yeroon kenne akka hin jirre ta'uu kaasanii, akkuma amma godhame kanatti 'taabonni achitti lafa keessaa argame' ykn 'waaqarraa bu'e' jedhameetuma babal'achaa ture jedhan. "Kaan ammoo qote bulaadhumati itti amanee lafa kenna. Ani isa qote bulaan itti amanee lafa kennu mormii hin qabu. Sirriidhamoo sirrii miti jedhamee yaa ilaalamu malee sobni achi keessa hin jiru jechuudha. Amma lafa keessaa argame, waaqaa bu'e kan jedhu kun dubbii dhugaa miti. Dubbii amanamu miti." Kana ofii isaanii amanuu akka hin dandeenye kaasanii abbootii amantaa keessaa phaaphaasota gaggaafataniis isaanis kan hin beekne ta'uuf miidiyaa hawwaasummaa irraa akka dhaga'an dubbatu jedhan. 'Bataskaannillee jara kana himachuu, balaaleffachuu qabdi' Gama amantaa maqaa balleessuufi dhiibbaa wanti akkasii kun hordoftoota Ortodoksii irratti qabaachuu danda'us Luba Balaay kan jedhan qabu. "Himannaa kana mootummaa qofa osoo hin ta'iin, Bataskaannillee jara kana himachuu qabdiin jedha ani. Wanta Bataskaana keenya maqaa xureessu hojjechuu isaaniitiif Bataskaannillee balaaleffachuu qabdi." Himannaa qofaan osoo hin taane gadi ba'anii miidiyaadhaanillee balaaleffachuu qabu ejjennoo jedhu akka qaban himu Lubi Balaay. Akka Lubi Balaay jedhanitti kaayyoon kana gochuu kun mootummaan lafa waan nuuf hin kennineef tooftaa ittiin amantii baballisuuti jedhanii yaadu. Namoonni kana godhan kun mootummaan amantaa baballifadhaa jedhee lafa nuuf hin kennu waan ta'eef akkuma kaan dura godhaa turan tooftaadhuma kana malee filannoo biraa hin qabnu yaada jedhu kaasu. "Ani ammoo kanan jedhu, mootummaa amansiisuun ni danda'ama. Keessattuu durillee haa ta'u amma kan jiru mootummaa dimokiraasiiti waan ta'eef namni nama dhaga'a. Kanaafuu kun sirrii mitin jedha." "Kaayyoon isaa beekamaadha. Achitti bataskaanni yoo ijaarame achumaan naannoo sanatti mana jireenyaa ijaarratu. Kanumaafidha waan biraatiif miti. Kun beekamaadha. Kanuma argaa turredha," jedhan Lubi Balaay. Uummannis akka hin dogoggorre gorsuufi barsiisuu qabdi kan jedhan Luba Balaay, keessumattuu Manni Amantaa Ortodoksii Waliigalaa Itoophiyaafi Hagara-Sibkatiin Finfinnee qindaa'uudhaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu qabu yaada jedhu kaasan.
oduu-55838996
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55838996
Daangaa Itiyoo-Sudaan: Sudaan lafa qonnaa al-Fashaagaa fudhatte 'deebistee hin kennitu' - qondaala waraanaa
Sudaan daangaa falmisiisaa dhiyoo kana milishaa Itoophiyaarraa fudhatte 'deebistee hin kennitu' jechuu Tajaajilli Oduu Sudaan (Suna) gabaaseera.
''Koomaandarri waraana lafoo, diviiziyoonii 2ffaa Meejar Jeneraal Haayidar al-Tiraayifi Sudaan daangaa al-Fashaagaa tarkaanfii tokko dabarsitee hin kennitu jechuun loltuu isaanitti makamuu warreen fedhaniif balballi banaa tahu ibsaniiru,’’ jedha gabaasni Suna. Jeneraalli kuni yeroo naannoo baha biyyattii al-Qaadaariifitti hawaasa Faallaataa irraa deeggarsa argachaa turetti kana dubbatan. ''Jiraattonni ilmaan dhiiraa isaanii humna waraanaatti makamuun daangaa biyyaafi kabaja isaanii akka eegsisan,’’ gorsan. Muddamni daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa naannoo al-Faashaagaatti uumame torbanoota dhiheenya keessa hammaachaa dhufeera. . Waldhabdeen kunis kan cimaa dhufe erga Sudaan daangaawwan ishee kanneen waggoota 25'f to'annoo milishoota Itoophiyaa jala turan hundaa deebiftee qabachuu dhuma Muddee ibsiteen asidha. Jeneraal al-Tiraayifiin ‘’loltuun isaanii piroojektii naannoo daangaa guddisu, ijaarsa riqichaa fi daandii irratti bobba’eera. Kana malees tajaajila bu’uuraa kennuun sochiin naannicha jiru akka dabalu gochaa jira,’’ jedhan. Dubbiin jeneraala gameessa kanaa erga dubbii himaan Minsiteera Haajaa Alaa Itoophiyaa Diinaa Muftii dhimma biyyoota lameen kanaa ilaalchisee ibsa Sudaan lafa naannoo daangaa 'seeraan ala qabatteerti' jedhan akka gadhiistu gaafatan guyyaa tokko booda dhagahame. Ambaasaaddar Dinaan Roobii kaleessaa ''biyyattiin lafa Sadaasa 06 bara 2020 as qabatte haala kamiinuu kooti jechuu akka hin dandeenyes,'' himaniiru. Muddamni naannoo daangaa Itoophiyaafi Sudaanitti uumame akka furamuuf haaldureen Itoophiyaa tokko qofa ta'uu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, "ejjennoon Itoophiyaa gara iddoo duraan turtanitti deebi'aatii mari'achuu dandeenya kan jedhudha," jedhan Sudaaniifi Itoophiyaa naannoo qonnaaf mijataa tahe daangaa al-Fashaagaa irratti burjaajii keessa jiru. Bara darbe Mudde keessa Sudaan daangaa duraan milishaa Itoophiyaa to’atame akka guutummaan akka to’atte labsitee turte.
oduu-54683367
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54683367
Lammiileen Itoophiyaa mana hidhaa Saawudii irraa biyyatti deebii'an maal himuu?
Dubartiin ganna 39 Zawudnesh Baqqalaa guyyaa jala bultii ayyaana waggaa haaraa bara 2013’tti haadhooliifi daa'iman manneen hidhaa Saawud Arabiyaatii gara biyyaa debii'an 147 ta'ushee wayita bartu gammachuun itti dhagahamee daangaa dhabu himiti.
Hangan carroomtu ta'u hikka hinamanneen ture jetti. Qabeenya horachuu baattullee; hiyyummaa injifachuu baattus; wantoota akka gammaddu ishee taasisan keessa tokko gidiraa ji’oota jahaaf mana hidhaa keessatti dabarsite sana keessaa bahuusheeti. “Galata Rabbii biyya kiyya galeera; ijoollee kiyyattis deebi’eera,” jechuun imimmaanii hudhamaa erga biyyatti deebitee turtii ji’a tokkoon boodaa BBC waliin dubbatteerti. Turtii mana hidhaa namoonni dhibbaa ol keessatti hidhaman keessaas “namoonni dhukkubsatan heddutu jiru, isaan maraatanis baay’eedha. Isaan dhippinni sammuu isaan mudatees jiru. Karaa seeraan alaatiin deemanii, dalaalonni seeraan alaa isaan fudhatu,” jetti. Zawudnesh waggoota torba dura ture karaa seera qabeessaan gara Saawud Arabiyaa kan deemte. Haalli achi ture garuu akka isheen ni ta’a jettee eegde sanitti salphaa hin turre. Jalqabarratti rakkoon afaaniitu ishee mudate; hojjattuu manaa taatee yeroo hojjatutti warra ishee mindeesse waliin walii galuu hin dandeenye; akkasiin jalqabumarraa rakkina keessummeessuu jalqabde. Hayyamni hojiishee erga xumurame boodas achuma turuun hojii adda addaarratti hirmaateetti; bakkaa bakkatti naannofteetti; daandiirrattillee rakkoof saaxilamteetti. “Mucaan daa’imaa tokko luqqeettuu kiyya cuubeedhaan na waraaneera. Dhukkubsattuu ta’eera.” Walakkeessa waggaa darbeetti garuun rakkoon guddaa biraatu ishee mudate. Mana jireenyaa baqattoonni Itoophiyaa waliin keessa jiraatan poolisiidhaan marfame. “Qaama dhiqadhee pijaamaa uffadheen ture. Uffata jijjiiradhuyyuu osoo hin fudhatin nu fuudhanii deeman,'' jechuun haalaa mudate himti. Erga to’annaa jala oolfamte booda turtiinshee mana hidhaa sarbamni mirga namoommaa fi hanqinni qabiinsaa keessatti mullachuuf gaazexoota idil-addunyaatiin baliinaan waa'ee isaa gabaafameefi dhaabbileen mirgootaaf falmaniin qeeqaman keessaa isa tokko keessa ta’e. Gabaasaaleen adda addaas mana hidhaa keessatti hidhamtoonni ni reebamu, cancalaan walitti hidhamuu, humnaa ol walitti rukkatu jedhuun qeeqan. Mootummaan Saawud Arabiyaas dhimmicha qorachaa jirra jechuunsaa ni yaadatama. Zawudnesh manni hidhaa keessa turte hamaa ta’uusaa himti. Humnaa ol baay’achuu hidhamtootaarraa kan ka’e dhukkubsattootaaf tajaajilli fayyaa kennamu hin jiru ture jetti. Hanqinna kunuunsaarraa kan ka’e hidhamtuun mana hidhaa keessatti duute akka turtes ni himti. Kanaaf yeroo xiyyaara gara Finfinnee imalu keessa seentu gammachuunshee daangaa hin qabu ture. Erga biyyattii deebii hoo? Erga Finfinnee seente boodas sababa weerara koronaavaayirasii guyyoota 11’f mooraa yunivarsiitii tokko keessa turteetti. Turtiishee boodas qarshiin geejjibaa birriin 250 kennameefiin booda gara bakka jireenyaa isheetti qajeelte. Erga gara biyyaa deebiite baatii tokkoon booda Zawudnesh gargaarsa gaafatte. Hojiis argachuu hin dandeenye. Jireenyashee eegaluuf mana haadhashee kan magaalaa Finfinnee gama bahaatti argamutti deebii'uun jireenyashee jalqabdeetti. Aanaa naannichaarraa deeggarsi siif taasifame jedhamuun waadaan galamuufis hamma ammaatti omtu hin jiru. Lakkoofsa herreega baankiikees kenni jedhamtee isas kenneera jetti. Deeggarsi baqattoota gara biyyatti deebi’aniif taasifamu guutuudha jedhamuu baatus waggoota darban keessatti fooyya’eera kan jedhan Deetaan Ministeera Hajaa Alaa kan ta’an Tsiyoon Takiluuti. “Waa’ee Saawud Arabiyaa yoo haasofne Caamsaa bara 2017 irraa hamma Bitootessa 2020’tti lammiilee Itoophiyaa kuma 400 ta’an deebifneerra,'' jechuun eegalu. ''Isaan hundi namoota dhuunfaatii jettee yoo na gaafatte deebiin kiyya miti kan jedhu. Sababni isaas namoota kanan keessa kanneen si’a kudhan, kudha shan imalan argatta. Kanaaf wanni godhuu dandeettu imalasaanii adda lakkaa'uudha.” Imaloota irra deddeebii hambisuuf odeeffanno jireenya dhuunfaasaanii funaanuu jalqabuusaanii ibsu. Baqattoonni gara biyyattiitti deebi’an battalumatti Finfinneetti tajaajila wallaansa xiinsammuu akka argatan kan himan Deetaan Ministiraa kun, “achi booda waajjiraalee naannoleetti argaman waliin hojjanna” jedhu. Waajjiraalee akka ministeera fayyaa, ministeera nagaa fi ministeera hojjattootaa fi dhimmoota hawaasummaa akkasumas Gamtaa Afriikaa, Gamtaa Awurroppaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uudhaan baqatoonni biyyatti deebi’an kunneen hawaasatti makamuun jireenyasaanii irra deebiin akka jalqabaniif hojjachaa jirra jedhaniiru. “Haalli ture eeyyeen fooyya’eeraa. Garuu ammoo hojichi rakkoorraa bilisaa miti. Hojiin baqaattoota deebiisanii hawaasatti makuurratti jabaannee hojjachuu qabna,” jedhu. Gannat Taakkala baqattoota Saawud Arabiyaatti gidiraan irra gahee amma deebi’an keessaa tokko. Gannat waggoota kudhaniif Saawud Arabiyaa turteetti. Ji’oota sadiin dhumaa mana hidhaa keessa turte baayyee rakkisaadha jette. Isheenis akkuma Zawudnesh baqattoota Qaammee bara 2012 keessa deebi’an keessaa tokko. Zawudnesh waliin mana hidhaatti kan wal baratan yoo ta’u, ammas walitti dhiyaatu. Turtii mana hidhaatitti dhukkubaaf akka saaxilamte himti. “Miilli kiyya na dhukkubuu jalqabeera. Ammi yeroonsaa yeroo qorraati. Wanni uffatamu tokkollee hin jiru kan gatame yoo argatte malee. Uffata alkanii tokkotu ture, lafa sinmiitoorra ciisaa ture.” Mana hidhichaa keessa kutaalee kudhanii ol akka jiran kan yaadattu Gannat, kutaa tokko keessatti daa’imman 60 olitu turan. Kutaa ani keessa ture keessatti daa’imman kudha lamatu turan jetti. Erga gara biyyaa deebite booda mana yaalaatti deddeebi’uushee kan himtu Gannat, fooyyee qabaatus guutumatti akka hin fayyine ibsiti. Akkuma Zawudnesh Gannatis erga turtiishee wirtuu koronaavaayiras keessa turte booda maallaqa muraasa geejjibaaf jedhamee kennamuusaa BBC’tti himteetti. Kanaan achi garuu gargaarsi argatte tokkollee akka hin jirre dubbateetti. Ishee fi baqattoonni biyyatti deebi’an akka jedhanitti, maallaqa yookiin qabeenya yeroo duraraa Saawud Arabiyaa turanitti ergan yookiin kaayyatan qabaatan malee waan biraa waan hin qabneef jireenyasaanii zeeroorraa jalqabuun dirqama akka itti ta’e himti Gannat. Zawudneshis taatee Gannat irra deebiin yaada gara Baha Giddugaleessatti deebi’uu akka hin qabne himu; ta’us garuu deeggarsa maallaqaa, kan ogummaa yookiin ammoo gurmaa’uurratti fala argachuu barbaadu. Boru maal akka ta'u baruu baatan illeen, yoo xinnaatee maatiisaanii waliin yeroo dabarsaan nageenyummaan isaanii eegumaafii jira.
oduu-57320144
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57320144
Hidha Abbayyaa: 'Itoophiyaan yeroo dhihootti hidha xiqqaafi giddugalaa 100 ijaaru eegalti' - MM Abiy Ahimad
Ministirri Muummee Abiy Ahimad waggaa dhufu Itoophiyaan yoo xiqqaate hidha gadaanaafi giddugalaa 100 ta'an ijaaruu eegalti jechuun dubbachuu isaanii hordofee, miidiyaaleen Sudaaniifi Masrii dhimmicharratti gabaasa bal'aa hojjetaniiru.
''Yoo xiqqaate karoora hidha 100 ijaaruu qabna,'' jedhan MM Abiy MM Abiy Itoophiyaan karoora hidha kanneen ijaaruu akka qabdu kan dubbatan qaama ijaarsa daandii Itiyoo-Jibuutii kan ta'e sagantaa jalqabbii ijaarsa pirojektii Adaamaa-Awaash xumura torban darbe yeroo jalqabsiisanittidha. ''Yoo xiqqaate karoora hidha 100 ijaaruu qabna. Bishaan irratti cimsinee yoo hin hojjenne, bishaan akka qabeenya guddaa yoo hin fudhanne badhaadhina yaadnu milkeessuu waan nu rakkisuuf kayyoon mootummaa hidha xiqqaafi giddugaleessa hojjechuun bishaan tursuudha,'' jedhaniiru. Kaayyoon ijaarsa hidha kanneenii waggaatti si'a sadii oomishuun akka danda'amu dandeessisu akka ta'e MM Abiy himaniiru. Haa ta'u malee, ifatti bakkeewwan kamitti hidhi kunneen akka ijaaraman hin ibsine. Dubbii Ministira Muummee Abiy booda miidiyaaleen Giddugala Bahaa dhimmicha irratti gabaasa hojjetaniiru. Itoophiyaan hidha laga Abbayyaarratti waggaa kudhan dura ijaaruu eegalteen biyyoota ollaa ishii Masriifi Sudaan waliin muddama seenteetti. Tarkaanfii waraana Tigraayin walqabatee Ameerikaan tibbana Itoophiyaarratti fudhattees Itoophiyaan hidha Abbayyaan akka walqabatu ibsiteetti. Lammiileen kuma hedduu ta'anis daandiitti bahuun mormiin ibsaniiru. Miidiyaaleen maal jedhan? Miidiyaan Masrii Al-Ahiraam dubbii MM Abiy eeruun deebii Masrii gabaase - kunis, 'seera idil-addunyaaf kabaja kennuu dhabuudha' jechuun Masriin dubbatteetti jechuun ibse. Akka gabaasa Al-Ahiraamitti dubbi-himaan biyyattii adeemsi Itoophiyaa mirga biyyoota yaa'a Abbayyaa gara gadii hin kabajne. Haala wal fakkaatuun, 'Arab News' kan jedhamu dubbi-himaa Ministeera Dhimma Alaa Masrii Ahimad Hafeez waabeffachuun dubbiin MM Abiy Itoophiyaan itti fayyadama bishaan Abbayyaa irratti fedhii sababa qabu hin qabdu jechuun akka qeeqan hima. Miidiyaan Masrii biraa Egypt Independent jedhamummoo dhiibbaa kamiyyuu Itoophiyaarra gahuf deebii kan kennituufi dhiibbaa kanneen dandamachuu kan dandeessu hidha ijaaruun ta'uu MM Abiy dubbachuu isaanii gabaase. Miidiyaan Sudaan Tiribiyuun gama isaatiin waan MM Abiy hidha biyyattiin ijaaruuf kaate dubbatan yaadachiisuun, waraana Tigraay keessaan Itoophiyaan dhiibbaa biyyoota Lixaa irraa dhiibbaan irra gahaa jira jedheera. Dubbii Ministirri Muummee Abiy saganticharratti dubbataniin ''mootummaan waggoota darban fayyaa, barnoota, ijaarsa daandiirratti pirojektii gurguddoo akkuma hojjete karoorri ijoo waggaa dhufu hidha xiqqaafi giddugaleessa ta'an naannoleetti babal'isuudha.'' Hidha Abbayyaa Itoophiyaa lammiileen baasii ofii walitti baasun ijaarani MM Abiy qaama ijaarsa boqonnaa tokkoffaa daandii Itiyoo-Jibuutii kan ta'e pirojektii daandii saffisaa Adaamaa-Awaash 60km dheeratu eegalsiisaniiru. Sagantaa kana irratti Itoophiyaan karaa afranuu biyyoota ollaa daandiifi kaaniin wal qunnamsiisuuf akka hojjetamaa jiru ibsanii pirojektiin daandii eegalamees agarsiisftuudha jedhan. Itoophiyaan ''dargaggeessa guyyaafi halkan hojjechaa qabeenya abbaa isaa baay'isu ni barbaaddi,'' jedhaniiru. Sababa kanaafis ''harka walqabannee hojiif haa kaanu'' jechuun waamicha dhiheessaniiru. Baasii ijaarsa daandichaaf oolu Baankii Misoomaa Afrikaa irraa liqiin birrii biiliyoona 6.6 argameen kan ijaaramu ta'u ibsame. Boqonnaan lammataa daandichaa 70km dheeratu immoo caalbaasiin bahe adeemsarra akka jiru himan. Waa'ee Hidha Abbayyaa Madda laga dheeraa addunyaa keenyaa jechuunis kan Abbayyaa kan taate Itoophiyaan yeroo jalqabaafi lagicharra hidha kan ijaarte. Hidhi Haaromsaa jedhamee waamamu kuni erga waggaa 10 jalqabe eegalee Masriin, booda kanammoo Sudaan ijaarsiifi akkitti bishaan guutamu waliigalteen ta'u qaba jechuun ibsu. Madda bishaan Abbayyaa keessaa %80 kan dhunfattu Itoophiyaan immoo lammiilee miiliyoonaan lakkaa'amaniif tajaajilli humna ibsaa akka barbaachisu himti. Waggaa darbe hidha kana marsaa jalqabaa bishaan kan guutte yoo ta'u, kan waggaa lammataas ganna kana akka raawwatu ibsameera. Miseensa garee teknikaa dhimma Abbayyaarratti Itoophiyaa bakka bu'un marii gaggeessan keessaa tokko kan ta'an Dr Ballaxa Birhaanuu, ijaarsi sivilii hidhichaa %91.8 gahuu miidiyaa biyyaalessaarratti himaniiru. Ijaarsi elektiroo mekaanikaalaa isaammoo %54.5 akkasumas hojiin haayidiroo istiraakchar jedhan immoo %55.2 gahuu ibsan. Ijaarsi hidha kanaa gaafa xumurame dheerina m1,800 hammi bishaan qabatuus asin ol m145 - m170 akka ta'u ibsameera. Hammi bishaan qabatus kiyubik meetirii biiliyoona 74 akka ta'u himame. Akka ogeessa kanaatti xumura waggaa kanaatti hidhichi hamma tokko annisaa oomishuu eegala.
oduu-52364593
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52364593
'Reporters Without Borders': Koroonaavaayiras 'walabummaa miidiyaa daran hammeessaa jira'
Weerarri koroonaavaayiras addunyaarratti walabummaa miidiyaarratti sodaa ture itti dabaluu, gabaasni 'World Press Freedom Index' agarsiise.
Sadarkaan walabummaa miidiyaa agarsiisu dhaabbata 'Reporters Without Borders'n qophaa'u kun biyyoota addunyaa 180 kan ilaale yogguu tahu, sadarkaa biyyattiin irra jirtuufi weerara kanaaf deebii biyyi tokko kennitu qorate. Chaayinaan biyyoota 180 keessaa 177 irratti kan argamtu yogguu tahu, Iraan ammoo sadarkaa sadii hir'isuun 173 irra kaa'an. Biyyoonni lamaanuu weerara biyyasaaniitti uumame to'atanii gulaalaniiru (saansuur gochuu) jedhameera. Biyti Noorweey tarree kana gubbaa yoo teechu, Kooriyaan Kaabaa ammoo dhumarra jirti. Itoophiyaan maalirra jirti? Itoophiyaan ammoo sadarkaa 99ffaarra jirti - bara dabreerraa sadarkaa 11 fooyyeessite. Akka dhaabbati kun jedhutti, Itoophiyaan yeroo jalqabaaf haalluu diimaa keessaa baateetti -haalluun kaartaa dibuu kun 2013tti hojiirra oole. Akka Reporters Without Borders'tti hogganaan biyyattii Badhaasa Noobeelii mo'atan Abiy Ahimad, erga aangootti dhufanii ooalnii hin buliin, gaazexeessitoota mana hidhaatii hiikaniiru. Haa tahu malee, dhaabbati kun gara duubaatti akka hin debine sodaan qaba jedha - to'annoo jala ooluun gaazexeessitoo yeroo muraasaa, adda ciccituun intarneetiifi sodaachisuun nu mul'ata jedheera. Gama kaaniin ammoo Iraaq sadarkaa 162 irra argamti. Akka gabaasa kanaatti biyyattiin dhaabbata oduu Rooyitars irraa heeyyama ji'a sadiif mulqitee jirti. Sababni isaa ammoo dhaabbatichi lakkoofsa koroonaavaayiras biyyattiirratti gaaffii waan kaasaniif ture. Awurooppaa yoo ilaalle - Haangaarii sadarkaa lama gadii buusan, 89tti. Kunis erga Minisitirri Muummee biyyattii Viktoor Orbaan seera 'koroonaavaayiras' baasanii boodadha. Seerri kun waan jedhu, oduu sobaa namni dabarse hidhaa haga waggaa shanii gahuun adabama. ''Rakkoon fayyaa hawaasaa kun mootummoota abbaa irree tahaniif 'seerasaanii hamaa' akka hojiirra oolchaniif carraa banaaf'' barreessaan olaanaa Reporters Without Borders Kiristoof Dalooyir. ''Walabummaan odeeffannoo 2030tti maal fakkaachuu mala? Gaaffii kanaaf deebiin wanti har'a tahu murteessaadha,'' jedha.
oduu-55470701
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55470701
Rakkoo daangaa Itoophiyaafi Sudaanirra jiruun miidhaan qaqqabuun ibsame
Jiraattota naannoo daangaa Itoophiyaa fi Sudaan kan dhiheenya kana sochiin waraanaa keessatti mul'atu jiraatanirra miidhaan wayita qaqqabu, namoonni hedduun qe’eesaanirraa buqqa’uu bulchiinsi Godina Gondar Lixaa beeksise.
Biyyi Sudaan gama Kaaba Lixaa Itoophiyaa daangeessiti. Lafa daangaa biyyoota lamaan daangessu kanatti lafti magariisa qonnaaf oolu biyyoota lamaan waggoota dheeraaf wal dhabsiisaa ture. Bulchaan Godina Gondar Lixaa Obbo Dassalanyi Xaasow BBC'tti akka himanitti, walitti bu’iinsa uumameen namoota afur irratti miidhaan dhaqqabeera. Namoonni lama immoo du'aniiru. Kanneen 1,700 ol ta'an immoo buqqa’aniiru jedhan. Haleellaa qaqqabe hordofuunis qonnaan bultoonni 200 tti dhiyaatan qabeenyisaanii yeroo dheeraaf horatan loltoota Sudaaniin manca'e jechuun himan. Ministeerri Beeksisaa Sudaan, loltoonni biyyaasaanii naannoo daangaa biyyoota lamaanirratti lafa qonnaan bultoota Itoophiyaatiin qabamee ture jedhan keessaa harka caalu to’achu dubbachuu isaanii Sambata duraa Rooyitars gabaasera. ‘’Rakkoon kamiyyuu mariin furama jenneetu amanna‘’ jedhan Ministirri Odeeffannoo Sudaan Faayisaal Saalih. ‘’Haa ta’u malee, loltoonni keenya lafa keenya deebisuuf itti gaafatamummaa isaanii ni bahu. Kanaafuu ammatti lafa Sudaan keessaa harka 60-70 kan ta’u deebisee qabateera’’ jechuun Rooyitarsitti himan. Obbo Dassaalany BBCtti akka himanitti, waraanni Sudaan iddoowwan walfalmiin daangaarra argamanirratti haleellaa qaqqabsiisuu kan eegalan xumura ji’a Onkolooleessaa keessa ture. ''Sudaanotaan sochiin Onkololeessa 27 eegaluum qabeenyarratti miidhaa dhaqqabuulleen, namarratti miidhaa qaqabe waan hin turreef jecha dhimmicha osoo hinarbeessiin to'achuuf yaallee turre,'' jedhaniiru bulchaan godinaa kun. Haa ta'u malee, loltoonni Sudaan bakkeewwan tokko tokko to'achuu isaaniifi wanta kanas akka dhaabu qaban mari'atu kan himan Obbo Dassaalany, ta'us ergasii itti hammaatuu himu. ''Sadaasa 3 fi 4'tti bakkeewwan haaraa qabachuun kaampiiwwan qonnaan bultootaa gubuuniifi miidhaa dhaqqabsiisuun hanga kaleessaatti itti fufeera,'' jedhan. Bulchaan Godina Gondar Lixaa kun akka jedhanitti, tarkaanfii loltoonni Sudaan naannichatti walitti aansuun naannichatti fudhataniin jiraattonni buqqa'u isaanii akkasumas qabeenyi manca'u himu. ''Qabeenyi qonnaan bultootaagaraagaraa, maashiniiwwan, manneen kuusaafi midhaan gubanii kan hafemmoo walitti qabanii fudhataniiru. Oomishoota bisingaafi jirbii funaananii fudhataniiru,'' jechuun dubbatan. Sababa haleellaa raawwaten badiin dhaqqabe birrii biiliyoona tokkotti tilmaamama jedhan Obbo Dassaalany. ''Ganda xiqqoo Salaam Barr jedhamtufi kan tilmaamaan qonnaan bultoonni 400 hanga 500 ta'an keessa jiraataa turuan amma qe'ee isaanii gadhiisanii akka bahan ta'eera. Kanaanis, maatiin 1,750 ta'an buqqa'aniiru,'' jedhan. Gama kaaniin, loltoonni biyyattii tarkaanfii ofirraa ittisuu fudhachuu Rooyitarsiitti kan himan ministeerri beeksisaa Sudaan, xumura torban darbe walitti bu'iinsi qabbannaa'u himanii ture. Saalih itti dabaluunis, ''gabaasni tikaa Sudaan akka mirkaneessetti saalaan humnoonni loltoota Sudaan waraanee, kan leenjiifi hidhannoon humna idilee qabu malee milishaa miti,'' jechuun walitti bu'iinsi humna kam waliin akka ta'e akeekaniiru. Daangaarratti yeroo garaa garaa walitti bu'iinsi akka dhalataa tureefi salphaattis furmaata argataa akka ture kan himan bulchaan Godina Gondar Lixaa, inni ammaa garuu adda jechuun BBC'f himan. ''Inni ammaa haleellaa waraana mekaanaayizdiin ijaarame hiriirsuun meeshaa waraanaa guddaan dabaalamee kan raawwatedha. Dabalataanis, bakkeewwan kana dura gahanii hin beeknellee qabachuuf kan karoorfatedha,'' jechuun himan. Anga'oonni Sudaan Al-Faashqaan lafa Sudaaniiti jechuun irra deddeebiin dubbatu Hawaasni naannichaa walitti bu'iinsatti akka hin seenne yaalii gochaa akka jiran kan himan bulchaan Gondar Lixaa, ''… haalli kuni mootummaan furmaata yoo hin arganne gara kallattii biraatti akka hin qajeelle yaaddoon jira,'' jedhan. Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii torban darbe BBC'f akka dubbatanitti, biyyoonni lamaan dhimmicharratti sadarkaa mootummaan mari'ataniiru. Rakkinni dhalatees, ''fedhii mootummaa Sudaan miti,'' jechuun caasaa mootummaa naannoo daangaa jiruun kan raawwatedha jechuun himan. Rakkoo daangaarratti dhalate hordofee biyyoonni lamaan torban darbe guyyaa lamaaf Kaartumitti marii gaggeessanii turan. Jila Itoophiyaas MM I/Aaanaa Dammaqaa Mokonninitu durse. Bakkeewwan Itoophiyaafi Sudaan daangessanitti rakkoon lafni naaf mala jedhu jira. Kanaanis, yeroo garaagaraatti daangaarratti walitti bu'iinsi akka dhalatu gabaafamaa ture. Mootummoonni biyyoota lamaanis rakkoo yeroo dheeraaf ture kana furuuf komishinii daangaa waloo hundeessuun marii gaggeessanis murtee dhumaarra osoo hin gahin hanga ammaa tureera.
oduu-47167812
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47167812
Lammii Biriiteen yaadannoo haadha warraasaaf guyyuu fiigu
Haadha warraa isaa sababa kaansarii sombaan duute yaadachuuf waggaa tokkoof, guyyaa guyyaan fiiguun qarshii paawundii 57,600 walitti qabeera.
''Joorjiyaan yeroo gammachuu namaatti gammaddi ture'' Namni Kiriis Gaatenbaayi jedhamu fiigicha isaa bara darbe Guraandhala keessa erga haati warraa isaa duute baatii jaha booda jalqabe. Guyyaatti kiloometira sadii ol kaninni fiigu qorannoo kaansarii sombaa yunivarsiitii Yoorkitti taasifamu gargaaruufi. Jiraataan magaalaa Harroogeet Gaatenbaay haati warraasaa nama nama gargaaruu jaallattuu turte jedheera. ''Joorjiyaan akkuma dhukkubsatteen kaansarii sombaa hambisuuf waa gochuu qabna, namootas gargaaruu qabna jechuun yeroo itti wayyaa'u fiigicha kana fiiguu yaaddi ture'' ''Itti wayyaa'uu hin dandeenye, kanaaf an nan fiigaafii'' jechuun Gaatenbaay guyyoota 365 takkaa addaan otoo hin kutiin kiloomeetira 1000 ol fiige. ''Fiigichi kuni yeroo tokko tokko nama rakkisa garuu ishee yaadachuun yeroo hunda na oonnachiisa'' jedha. ''Bara kana waanin fiigu miti'' jechuun boqochuu akka barbaadu himeera. Kaayyoosaa isa jalqabaa baatii 16 keessatti paawundii 25,000 walitti qabuun booda namoota PhD barataniifis qarshii walitti qabuuf murteesse. Yunivarsiitichatti kan barsiisan Dr. Daawan Kaavarlii ''qorannoo dabalataa hojjechuun akkatti dhukkubsattoonni yaalaman fooyyeessuu danda'a" jedhaniiru.
oduu-54119717
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54119717
Miidhaa Dubartootaa: Naajeeriyaatti seerri nama yakka gudeeduu raawwate kolasuu ragga'e
Kaaba–lixa Naajeeriyaatti kan argamu manni maree bulchiinsa Kaduunaa, wixinee seeraa namni yakka gudeeddii rawwatte cidhaan baqaqsanii keessaa baasuun akka hin dhalchine gochuun adabamu raggaasise.
Adabbiin kun yakka gudaaddii daa'imman umuriin isaanii waggaa 14 gadi ta'erratti hojiirra oola. Hogganaan dhimmaa dubartootafi guddina hawaasaa Hafsaat Babaa, murteen mana maree kun, "guddinaa garii,” ta’uu ibsuun, murteen kun kanneen yakka gudeeddii raawwataniif akka ‘dorsiisa gaariis’ ta’uu mala jedhan. Murteen kun bulchiinsicha keessatti akka seeraatti akka ba’uuf bulchaan naanichaa Naasir Ahmad el Rufiyaa wiixinee ba’e mallatteessuu qaba. Waxabajjii keessa bulchitoonni Naajeeriyaa sababa gudeeddiifi haleellaa dubartootaafi da’immaan irra deddeebiin biyyattii keessatti qaqqabuun laabsii yeroo muddamaa labsanii ture. Yakkawwan dirqisiisanii gudeeduufi miidhaan saalaan walqabatan biyyattii keessatti dubartootarratti raawwataman yeroo hedduu himama. Haata'u malee, erga weerara koronaavaayirasiin qaqqabee asitti dhibee kana to'achuudhaaf jecha sochiiwwan dhorkman ammoo yakki dirqisiisanii gudeeduun daran akka hammaatu taasiseera. Erga sochiin kutaalee biyyattii adda addaa keessatti labsamee booda gochawwan dirqisiisanii gudeeduufi miidhaan saalaan walqabatan baay'een gabaafamaa jiru. Lakkoofsi namoota yakka kana rawwatanii seeratti dhiyaatanii ammallee xiqqaa yoo ta’u, loogiin namoota miidhaan irra ga’ee irratti taasifamu ammoo yakka kana akka baasanii hin himannee taasisuun rakkoo kana daran hammeesseera. Hagayya keessa manni murtii Shari'aa Naajeeriyaa magaalaa Kaanoo jaarsa shamarree ganna 12 gudedede irratti murtee du'aa murteesseera. Dubbi himaan mana murtii Shari'aa magaalaa Kaanoo BBCtti akka himanitti, jaarsi ganna 61 bara 2019tti baadiyyaa keessatti shamarree kana muka jalatti gudeeduusaatiin kan murteen du'aa irratti murtaa'e jedhaniiru. Jaarsi fuudhanii maatii ofiisaanii qaban kun akka seera Shari'aa Islaamaatti dhakaadhaan rukutamanii akka du'an kan murteen darbe.
oduu-54136576
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54136576
'Ani dubartii ganna 72ti, umuriin koo qabeenya naaf ta'e'
"Battala dubartoonni mallattoo dullumaa agarsiisuu eegalan irraa kaasee, akka hin barbaadamnee fi dorgomtootas akka hin taanetti fudhatamu," jetti dubartiin ganna 72 Boonii Maarkas.
Tiriishiyaa Susden hojii 'make-up' yoo eegaltu umuriinishee 60 keessa ture Kaalifoorniyaa, Saantaa Baarbaraatti jiddugala leenjii hoggansaa Boonii Maarkas kan hundeessite dubartiin kun, dubartoonni attamiin hojii isaaniitti akka milkaa'an leenjii kenniti. Dubartooni haguma umuriin isaanii dabalaa adeemu iddoo hojiitti loogiin sababa umurii fi koorniyaan irra gahu dabalaa adeema jechuun falmiti. Tiriishiyaa Suusden ammoo dhaabbata 'Look Fabulous Forever' jedhamu hundeessuun dubartoota dulloomaniif dibata bareedina ykn 'make-up' dhiyeessiti. "Ani dubartii ganna 72ti, ammallee akkuma dur hojjechaa turetti cimsee hojjechaa jira" jetti. "Inumaa umuriin koo faayidaa naaf fide, qabeenya naaf ta'e" jetti. Tiriishiyaan wayita ganna 60 keessa turte akkawoo ishee dhukkubsachaa turte kunuunsuuf hojii ishee gadi dhiiste. Booda gaafa akkawoon ishee fayyitu hojii malee hafte. "Kallattiin jireenyaa na harkaa bade. Jiruun itti deebi'u hin qabun ture. Akka sanaan dabalataan ganna 30 jiraachuun danda'a." UN akka jedhutti addunyaarratti lakkoofsi namoota umuriin isaanii ganna 65 olii ariitiin dabalaa jira. Waggoota 30 itti aanan keessatti dachaan dabaluu danda'a jedhamee tilmaamama. Kan 80 olii ammoo dachaa sadii oliin. Lakkofsi kun haguma dabalaa deemu loogiin sababa dullumaan namarra gahu (ageism) dabalaa jira. Awurooppaa keessatti loogiin dullumaa loogii namoota heduu mudatu ta'aa jira - kanaan kan miidhaman hedduun ammoo dubartoota. Dubartoonni loogii dachaa sababa umurii fi koorniyaan irra gahu keessummeessu jetti Boonii Maarkas "Hedduu nama aarsa" jetti Booniin. "Yoo xiqquma dulloomte, keessahu yoo dubartii taate, san booda gatii hin qabdu. Hawaasni keenya dardarummaa fi bareedina waaqeffata." Tiriishiyaan erga intalli ishee fayyiteefi booda hojiitti deebi'uu hin yaalle. Dhaabbata ofiiishee kan dubartoota dulloomaniif 'make-up' dhiyeessu hundeessite. Akka hin milkoofne irra deddeebiin itti himamullee amma dubartii kaampaanii doolaara miliyoona hedduu baasu hogganti. Dubartoonni dullooman carraan hojii qacaramuu isaanii kan warra dhiirota umurii wal fakkaataan yoo madaalamu baay'ee xiqqaadha jedha Gareen Ameerikaatti dulluma irratti hojjetu. Tiriishiyaan akkamitti dubartoonni 'make-up' akka tolfatan Youtube irratti barsiifti Addunyaa irratti aangoo siyaasaas ta'e kan dhaabbilee garagaraa hedduu kan of harkaa qabu dhiirota. Ameerikaa keessatti hoggantoota dhaabbilee gurguddoo 500 keessa dubartoonni dhibbeentaa 7 qofa. UKtti ammoo hoggantoota dhaabbilee 100 keessa dubartoonni dhibbeentaa 5. "Haqa qabeessa ta'uu dhabuu qofa osoo hin taane, ija diinagdeenis yoo ilaalame sirrii miti" jetti Boonii Maarkas. "Kaampaanonni wanti baruu qaban dubartoonni ganna 50 olii hoggantoota qarshii sirnaan to'achuu danda'anidha" jetti. Biyyoonni dubartoota ganna 50 olii hojjechiisan guddina diinagdee jabaa galmeessisu jedhu dhaabbileen herreegaa. Gama kanaan biyyi MM dubartiin hogganamtu Niwu Ziilaand akka fakkeenyaatti eeramti. Dubartoonni milkaa'ina guddaa argamsiisuu malanillee liqii dhabuu irraa egalee rakkoo adda addaatu isaa mudata. Dubartoonni hedduun maallaqa maatii ykn hiriyoota isaaniirraa argataniin gara hojii daldalaa seenu. Tiriishiyaan wayita dhaabbata ishee 'Look Fabulous Forever' eegaltu maallaqa ofii qusatteen ture, booda garuu invastaroota hedduu hawwachuu dandeesseetti. Bara 1980moota keessa osoo akkawoo ishee dhukkubsachiisuuf jettee hojii hin gadhiisiin sababa umurii isheen loogiin irra gahaa akka ture himti. Waggaa 30 fi 40 booda ammas wanti kun jijjiiramuu dhabuun 'maraatummaadha' jetti.
oduu-55110968
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55110968
Shamarreen leenjii hoggantummaaf Itoophiyaarraa filatamtee Niiw Yoork jirtu abjuu baayyeen qaba' jetti
Sagantaa leenjii hoggantummaa Mootummootni Gamtoomanii - UN qopheessuun Itoophiyaarraa filamtee Niiw Yoork kan jirtu shamarree Caaltuu Daani'eel ''sababa jijjiiramaa tahuu fedha,'' jetti.
Shamarreen leenjii hoggansaaf filatamtee Niiw Yoork jirtu ‘abjuu baayyeen qaba’ jetti Akkuma dargaggoota hedduu si’anaa biroo, Caaltuunis miidiyaa hawaasummaa fayyadamturratti waan ittiin of ibsitu barreessiteetti, innis akkas jedha ''Shamarree Itoophiyaa abjuu baayyee qabdu.’’ Nutis abjuu kee keessaa lamaan tokko nutti himi jenneen, ''abjuu baayyee qaba, abjuu koo keessaa lama... tokkoffaa daangaa maleen guddachuu barbaada,'' jette. Karaa fi seenaa mataa ishee uumuu akka feetullee turtii BBC Afaan Oromoo waliin gooteen ni dubbatti. Caaltuun eenyu? Caaltuu Daani’el, shamarree Oromiyaa, Magaalaa Shaambuutti dhalattee, maatii waliin Wallagga iddoo garaagaraatti kan imalte yoo tahu, kutaa ja'aa booda magaalaa Hoolataatti baratte. Barnoota ishee digrii jalqabaa qorannoo diinagdeedhaan Yunivarsiitii Finfinneerraa kan eebbifamte yoo tahu, digrii lammataa immoo Yunivarsiitii KDI kan Kooriyaa Kibbaatti argamuurraa Imaammata Guddinaafi Hoggantummaan argatteetti. Finfinnee Mootummota Gamtoomaniitti shaakala hojiirra erga dabarsiteen booda, qaamuma dhaabbatichaa sagantaa guddinaarratti hojjetu (UNDP) keessatti tajaajila bilisaa kennaa turte. Yeroo ammaa kana sagantaa African Young Women Leaders Fellowship jedhamuun waajira mummee UNDP Africa New York argamutti 'strategic analyst' tahuun tajaajilaa jirti. Waggaa darbe immoo sagantaa leenjii hoggantummaa dhaabbatichi qopheessu keessaa Itoophiyaa bakka bu’uun filatamtee Niiw Yoorkitti shamarran Afrikaa biroo waliin warreen hoggantummaaf qophaa’aa jiran gidduu dhaa isheen tokko. Kaayyoon sagantaa kanaa shamarreen Afrikaa ardiifi biyya isaaniirra darbanii akka addunyaatti hoggantummaa irratti akka hirmaataniif kan qopheessuu dha jetti. ''Sababiinsaa immoo dubartoonni Afrikaa baayyee dandeettii fi beekumsa otoo qabanii carraa waan hin qabneef, waan gahuu qabanirraa hanqachaa waan turaniif dhaloota ammaaf booda dhufan kan gaggeessummaaf qopheessaa jiru dha.'' Jireenyi Niiw Yoork attam? ''Niiw Yoork magaalaa guddoo dha. Teessoo fi galma dhaabota gurguddoo dha. Addunyaa xiqqoo jedhee ibsuu nan danda’a, waan baayyeetu jira,’’ jetti. Magaalaa namootni biyya seen-duubee garaagaraa qaban keessa jiraatan keessa jiraachuun, waan baayyee na barsiiseera jetti Caaltuun. Caaltuun biyyoota addunyaa garaagaraa irra adeemtee daawwachuunshee jireenyashee irratti jijjiirama akka fide dubbatti. ''Akkaataan addunyaa itti ilaalu jijjiireera, ilaalchaafi beekumsa koo bal’iseera. Namoota aadaa garaagaraa qaban waliin yeroon jiraadhus akkamiin waliigaluu akka qabu baradheera,’’ jetti. Fuuldurattis hojii amma hojjechaa jirtuun itti fufuu akka barbaaddu dubbatti, ''hojii na gammachiisudha kanan hojjechaa jirus,’’ jetti. Hojiin ishee waa’ee guddinaa, waa’ee misoomaa irratti akka xiyyeefattus dubbatti Caaltuun. 'Sababa jijjiiramaa ta'uun barbaada' Magaalaa xiqqoo keessatti dhalattee guddachuu kan himtu shamarreen kun, ''Itoophiyaa keessa waa’ee hiyyummaa, wal-qixxummaafi nagaa irratti rakkoon hedduutu jira. Kanaaf guddina gaafa jennu dhimmoota kanarratti xiyyeeffachuun furmaata fiduuf kan hojjetu dha,’’ jetti. Isheenis biyya isheetti qofa osoo hin daangeffamiin ardii Afrikaafi addunyaa irratti hojii amma itti jirtuun, hoggantuu tahuun barbaada jechuun hawwiishee ibsatteetti. Shamarran kaanis, ''waan barbaadan bira gahuu dandeessu, sababiinsaa immoo hundi keenyayyuu dandeettii qabna jedhee waanin amanuufi,’’ jetti. Dubartoonni abjuu akka qabaatan, mul’ata isaanii bakka amma jiraniin akka hin daangeessine ni gorsiti. Akkuma abjuu ishee isa tokkoon daangaa malee guddachuun barbaada kan jette Caaltuun, ''ofii guddachuu qofa osoo hin taane, namoota kaaniif sababa jijjiiramaan tahuu barbaada, uummata koof bu’aa buusuun barbaada,'' jechuun BBCtti himteetti.
oduu-52924184
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52924184
Miidhaa daa'immanii: Dhimmi daa’imman 101 magaala Finfinnee keessatti gudeedaman rifannaa uume
Ji’oota lamaan darbanitti Finfinnee keessatti daa’imman 101 gudeedamaniiru.Miidhaan daa’imman irratti qaqqabe kun miidiyaalee hawaasaa dabalatee kallattii garaagaraan uummata biratti rifaatuu fi yaaddoo uumera.
Hoggantuu itti aantuun Biiroo Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Magaala Finfinnee Aadde Wuddee Teessoo, ji’oota lamaan darbanitti daa’imman 101 gudeedamuu isaanii BBCti himan.Haleellaa gudeeddii raawwataman keessaa tokko tokko miseensoota maatii daa’immaniitin kan raawwataman ta’uunsaa dhimmicha caalmaatti yaaddessaa taasiseera. Dubartootni umriinsaanii waggaa 18 ol ta’e fi gudeeddiin akkasumas miidhaan qaamaa fi xinsammuu irratti raawwatame 51 galmaa’uu isaanis Aadde Wuddeen BBCti himaniiru. Ragaan kun giddugalawwan dubartoota fi daa’imman miidhaan irratti raawwatameef tajaajilli iddoo tokkoo itti kennamu kan hospitaalota sadi, Hospitaala Gaandii, Hospitaala Xurunash Beejing fi Hospitaala Minilik keessatti argaman irraa walitti qabame ta’uu dubbatan. Ragaan kun kan bara darbee walin yeroo madaallamus olaanaa akka ta’e Wuddeen himan. Doorsisa fi Araada Sammuu Adoochuu Daa’imman 101 weerara dhibee Covid-19 as yakki gudeddii irratti raawwatame keessaa tokko tokko araada sammuu nama adoochu akka fayyadaman taasisuun gochichi irratti raawwatamuusaa gabaasni Biiroo Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Magaala Finfinnee agarsiisa. Daa’imman umriin isaanii waggaa 14 fi 17 ta’an abbootii isaaniitin gudeedamuu isaanii fi shamarreen umrii waggaa 21 tokka immoo eessuma isheetin doorsifamtee gudeedamuu Aadde Wuddeen BBCti himaniiru. Dhimmichi duraan kan ture ta’us keessattu sababa dhibee Covid-19n namootni mana ooluu isaaniitin walqabatee rakkinichi hammaachaa akka jiru qorannoon mirkanaa’uu baatus hubannoosaa ni qabna jedhan. Yeroo ammaatti dubartoota fi daa’imman miidhaan saalaa irratti raawwatame keessaa tokko tokko giddugala tursiisaa dhibee Covid-19n walqabatee hundaa’etti akka turan taasifamaa jiraachus himan. Giddugalli kun dubartoota ijoollee qaban fi miidhaawwan garaagaraa irratti raawwatamee mana isaaniitii bahanis keessummeessaa jira. Adeemsa Seeraa Lakkoofsa namoota yakkawwan gudeeddii fi miidhaawwan biroo dubartoota fi daa’imman irratti qaqqabanin shakkamanii to’annoo jala oolan fi murtee seeraa kenname irratti ragaa qindeessaa akka jiran Hooggantuu itti aantuun Biiroo Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Magaala Finfinnee Aadde Wuddee Teessoo BBC'ti himaniiru. Dhimma namoota gochicha raawwatan fi haala daa’imman miidhaman kunneen irratti argamanis yeroo dhiyootti akka beeksisan nutti himaniiru. “Koreen namoodha miidhaa geessisan hordofus hojiitti jira” jedhan. Rifaatuu fi yaaddoo uummataa Gabaasni gochaa gudeeddii Biiroo Dhimma Dubartootaaf Daa’immanii Magaala Finfinnee erga dhagahamee booda namootni miidiyaalee hawwaasummaa dabalatee kallattii garaagaraan rifaatuu fi yaaddoo isaanii ibsachaa jiru. Namoota miidiyaalee hawaasaa irratti barreessan keessaa tokko tokko gochichi nama hundaan cimaa balaaleeffatamuu akka qabu himan. Lakkoofsi daa’imman gochaan gudeeddii irratti raawwatame mana keessatti hafan fi dhimmi isaanii hin baramne kanaa ol ta’uu akka danda’u yaadasaanii kan barreessanis heddudha. Kaan ammoo dhimmichi xiyyeeffannoo, hordoffii fi tarkaanfin cimaa irratti fudhatamuu kan qabu ta’uusaa miidiyaalee hawaasummaa isaanii irratti katabaniiru.
oduu-54095598
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54095598
Itoophiyaa: Murteewwan maallaqaa ijoo mootummaan Itoophiyaa bara 2012 keessa dabarse
Riiformii Itoophiyaa keessatti waggoota lamaan dura taasifame turen jijjirama siyaasaatii alattis fooyya'iinsa dinagdee fiduuf yaadameera. Bara 2012 keessa murteewwan ijoo darban maali?
Weerara koronaavaayirasitiin wal qabatee sadarkaa idil - addunyaatti dhiibbaan diinagdeerra gahee olaanaadha. Bara darbe, 2012, kanattis qaala'iinsi jireenyaa yeroo gara yerootti mudate dhimmoota dinagdee Itoophiyaa keessatti ifatti mulatan keessaa tokko ture. Kana malees, sharafni alaa haala gabaatiin murtaa'a jedhamuufi baankoonni dhuunfaa sharafa alaa biyya alaarraa akka liiqeeffatan hayyamamuun tarkaanfiiwwan gurguddoo gama dinagdeetiin bara darbee keessa taasifamaniidha. Qaala'iinsa jireenyaa Qaala'iinsi jireenyaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufees baatii Fuulbaana hanga Adooleessaa ALI bara 2012tti baatiiwwan jiran 11 keessa haala hir'achuu akka hinagarsiifne ragaan Ejjansii Jidduugala Istaastiksii Itoophiyaa mullisa. Qaala'iinsi jireenyaa akka hin hir'anneef sababni ijoo walsimuu dhabuu fedhiifi dhiyeessii jidduu jiru guddaa ta'usaa oggeessoonni damee dinagdee irratti walii galu. Ragaan Ejjansii Jidduugala Istaatistiksiirraa argame akka mul'isutti, qaala'iinsii jireenyaa waliigalaa dhibbantaa 18.6 fi 22.9 jidduutti argama. Qaala'iinsi gatii nyaataa ammoo dhiibbantaa 20 irraa osoo gadi hin bu'iin tureera. Daballiin gatii nyaataa inni gadaanaan kan galmaa'ee bara 2012 keessa yoo ta'u, innis %20 ture. Gatiin kunis Bitooteessaa 2012 keess %26.7 gahee ture. Kunis, gatii nyaataa bara kana keessatti garmalee dabalee isa guddaa ture jedhameera. Qaala'iinsa gatii meeshaalee nyaataan alaa irrrattis yoo ta'e baatiiwwan 11 darban keessa %10.3 hanga %19.7 jidduu akka ture galmaa'eera. Sharafni alaa gabaan haa murtaa'u jedhamu Dhimmi haaraa bara darbee kana keessaa damee dinagdee irratti taasifame tarkaanfii Baankiin Biyyaaleessaa waggoota sadiin booda gatiin sharafa alaa gabaan ni murtaa'a jechuusaati. Baankichis fedhii sharafa alaa bu'ura godhachuun gatii birrii haala gabaatiin taasisuun barbaachisaadha jedheera. Kanaanis, Itoophiyaan waggoota sadii keessatti birrii gara gatii sharafaa gabaarratti bu'uurreeffatee (floating currency system) akka ceetu dhuma baatii Adooleessaarra ibse. Gatiin birrii amma kan ta'u qabuun ol akka ta'ee kan himamu wayita ta'u, kunis wayita gara sirna gabaa sharafni haala gabaatiin murtaa'utti wayita ce'amuuttis gatii birri kan ammaa irraa gadi bu'u akka danda'u himu ogeessonni damee kanaa. Kana jechuunis garaa garummaan birriifi dolaara jidduu jiruu akka bal'atu yaadama. Oggeessoonni dinagdee BBC'n dubbise akka jedhaniitti, dhimmi sharafni alaa haala gabaatiin murtaa'urratti waliigalu. Garuu, adeemsichi suuta suutaan hojiirra oolfamu akka qabaatu gorsu. Gatiin birrii haala gabaatiin kan murtaa'uu wayita ta'uutti garaa garummaan birrii maallaqa biyya biraa waliin qabaatu akka ballatu oggeessoonni kunneen ni dubbatu. Fakkeenyaaf doolaarri Ameerikaa tokkoo birrii 35tti kan geeddaramu yoo ta'e, osoo tilmaama gabaa sirriin jedhamee tarii birri 45 qaqqabuu akka danda'u himu. Kunis, qalaa'iinsa gatii hordofsiisuu danda'a jedhamee sodaatama. Gama biraatiin, ammoo wayita ammaa kanatti birriin gatii olaanaa isaaf maluun ol akka qabu oggeessoonni dinagdee ni dubbatu. Baankoonni sharafa alaa akka liqeeffatan hayyamamu Qajeelfammoota Baankiin Biyyaaleessa torbaniin dura ifa taasisee ture keessaa tokko baankiiwwan dhuunfaa yeroo barbaadaniitti sharafa liqeeffachu ni danda'u kan jedhu ni argama. Murteen baankichaa kunis Itoophiyaan haala bulchiinsaa sharafa alaa ishee laaffisaa akka dhufte kan mullisuudha jedhameera. Baankoonni sharafa biyyaa alaarraa liiqeeffachuu akka danda'an hayyamuun qaamoolee al ergiirratti bobba'aniif carraa gaarii akka kennuuf dubbatamaa jira. Akkasumas murte kuni invastimantii alaa kallattiin akka cimuuf gumaataa olaanaa taasisa jedhameera. Invastaroonni biyya alaa biyya tokkootti invasti gochuuf kaka'usaanitiin dura biyya itti invasti taasisan keessaa haalli mijataan kan akka sharafa alaa gahaan jiraaachu dursanii mirkanneeffatu. Biyya Itoophiyaa hir'inni sharafni alaa olaanaan keessatti mullatuutti karaan ittiin sharafa alaa argamu kan biraa jiraachuun carraa gaarii akka ta'u ni tilmaamu oggeessoonni damee kanaa. Gama biraatiin, ammoo baankoonni maallaqa sharafa alaatiin liqeeffatan dhalasaa waliin sharafa alaatiin akka kanfalan ni taasifama. Ta'us, tilmaamni jijjirraa wayita jijijjiiramutti baankoota biyya keessaa irratti dhiibbaa taasisuu ni danda'a jedhameera.
oduu-45649850
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45649850
Addi Bilisa Baasaa Tigiraay yaa'ii isaa 13ffaa gaggeeffataa jira
Adda Bilisa Baasaa Tigiraay (TPLF) yaa'ii isaa 13ffaa dhaadannoo "Uummattummaan Eenya Bu'uura Cimina Keenyaafi Milkaa'ina Keenyaati" jedhuun Maqaleetti ta'uutti jira.
Hirmaattota Yaa'ii Adda Bilisa Baasaa Tigiraay Yaa'icha irratti bakka bu'oonni paartilee obbolaafi miseensonni paartilee mormitootaas argamaniiru. Akkasumas bakka bu'oonni Komunisti Paartii Chaayinaas haffeeraman irratti argamaniiru. Paartilee miseensa ADWUI ta'an keessaa Oromoo Dimokiraatik Paartiin (ODP)'n kora isaa 9ffaa torban darbe Jimmatti mata-duree "Yaada Mo'ataa Injifannoo Caalmaaf" jedhuun gaggeeffateen maqaa, hasxaafi faaruu isaa jijjiiruurra darbee seera ittiin bulmaataafi sagantaa siyaasaa haaraa haaromsachuun xumure. Yaa'ii Adda Bilisa Baasaa Tigiraay kanarratti bakka bu'oonni miseensota paartii Komunistii Chaayinaa argamaniiru Koree giddu-galeessaafi hoji-raawwachiiftuu harki caalaan dargaggoota jalaan dhufan kan filate yommuu ta'u oggantoota buleeyyiifi warra hundeessanillee kabajaa gaggeessuun xumure. Sochiin Dimokiraatawaa Saba Amaaraa (ANDM) ammoo dhaadannoo "Jijjiiramicha itti Fufsiisuun Faayidaa Saba Amaaraafi Tokkummaa Dimokiraasummaaf" jedhuun Fulbaana 17, 2011 irraa eegalee gaggeeffata. Haaluma walfakkaatuun, Sochiin Dimokiraatawaa Uummatoota Kibbaa dhaadannoo "Tokkummaa Sabootaa Jijjiirama Waan hundaaf!" jedhuun Fulbaana 18, 2011 irraa kaasanii gaggeeffachuuf jiru. Yaa'iin 11ffaa ADWUI'n ammoo Fulbaana 23-25, 2011 magaalaa Hawwaasaati dhaadannoo "Dimokiraasii Misoomawaan Haaromsa Itoophiyaa haa Dhugoomsinu!" jedhuun gaggeeffamuuf jira.
oduu-53887030
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53887030
Haleellaa Masjiidota Niiw Ziilaand: Namni masjiida Niw Ziilaandi haleele kana caalaa ajjeesuuf karoorsee akka ture hime
Namni Niw Zilaanditti masjiidota lama irratti haleellaa raawwachuun namoota 51 ajjeese masjiida 3ffaas haleeluuf qophaa’ee ture jedhame dhaddacha irratti akka himametti.
Namoonni hafaniifi maatiin miidhamtootaa dhaddacha hordofaa jiru Birentan Taranti masjiida 3ffaas gubee hanga danda’e namoota madeessee fi ajjeesuuf karoorfatee ture. Lammiin Awustiraaliyaa kun yakkoota ajjeechaa 51n himatame. 40 kan tahu yaalii ajjeechaa fi tokko ammoo yakka shororkeessummaan himatame. Taranti umurii isaa guutuu mana hidhaatti kan dabarsu taha, kun murtoo Niwu Zelaandi keessatti darbee hin beeku. Namni haleellicha masjiida irratti raawwate Caamsaa 15 ofumasaan kallattiin tamsaasaa ture. Jalqaba Tarant gara masjiida Al Nuuritti konkolaachisuun namoota salaata Jimaataa irra turan irratti haleellaa bane. Sana booda km 5 gara masjiida Liindiwuud jedhamuutti konkolaachisuun namoota baay’ee ajjeese. Haleellaan kun addunyaa kan rifachiise yoo tahu ergasii Niw Ziilaandi seera qabannaa qawwee jijjiirte. Haleellichi akkamiin eegale? Dhaddachi guyyoota afuriif turu Wiixata ganama magaalaa Kiraayisti Charchitti dhagahamuu jaqabeera. Sababa koroonaavaayirasiin dhaddachi mana murtii qullaatti gaggeeffamuun namootni karaa viidiyoo hordofaa jiru. Taranti kan ajjeechicha kana raawwate poolisootaan marfamee callisee gara namoota firootni jalaa ajjeefamanii fi miidhaman taa’anii ilaalaa ture. Barnaabaa Hawes, abbaan alangaa yoo tahan Taranti haleellicha raawwachuuf waggaa ol itti qophaa’aa ture jedhan. Waa’ee masjiidota Niw Ziiland keessa jiranii odeeffannoo walitti qabachuun darbii isaan qabanii fi bakka isaanii adda baasuun yeroo namni baay’atutti haleellicha raawwachuuf qophaa’aa ture jedhan. Haleellicha ji’a tokko dursee gara Kiraayisti Charchitti imaluun diroonii masjiida Al Nuur irra balaliisisaa ture jedhan. Namoota baqataa turanis daandii irratti rukutuun ajjeesaa ture. Taranti gochaa kana jalqaba haaluus booda yaada isaa jijjiire. Masjiida kan biraas gubuuf yaadeen ture osoo naaf milkaa’eera tahe natti tola ture, jechuun yaada isaa poolisiif kenneera. Taranti ofuma isaan mana murtiitti dhiyaate. Abukaatoon dhaabateef hin jiru. Yoo xiqqaate waggoota 17 akka hidhamutu eegama. Garuu Abbaan seeraa mana murtii ol aanaa biyyattii, kanaan dura darbee kan hin beekne hidhaa umurii guutuu irratti murteessuu danda’u jedhamee eegama. Miidhamtootni eenyu fa’aati? Miidhamtootni 60 ol tahan miidhaa isaan irraan gaheef yaada isaanii ni kennu. Jalqaba kan dubbate Imaamii Masjiida Al Nuur Gamaal Fuudaati.Akkas jedheenii, ‘’dogongorteetta, akka malee hubatte.’’ Akkas jedheenii. Jibba ija shororkeessaa kana keessaa argaan ture. Jibbikee barbaachisaa miti jedheeni. Ilmi nama miidhame Ashraaf Alii jedhamuu ammo ammayyuu sammuun koo miidhamera jedhe. Yoon duubatti deebi’ee yaadu namoota du’anii naannoo koo ciisaa turan yaadadha. ‘’Bakka hundumaa dhiiga ture.’’ Miidhamtoota biraa: § Daa’imni waggaa sadii Mukaad Ibiraahim osoo miilla abbaatti rarratuu kallatumaan rukutamte § Abdukadir Elmii gana 70 dhalataa Somaaliyaa yoo tahu waraana biyya keessaa irraa oolee asitti rukutame. § Naa’im Rashid dhalataa Paakistan yoo tahu osoo nama haleellicha raawwatu dhaabuuf jedhuu rukutame. Ministirrio Muummee Jakinda Arderni turban kun namoota luubbuun oolaniifi maatii miidhamtootaaf yeroo ulfaataadha jedhan.
oduu-56341871
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56341871
Shamarree mataasheefi ijoollee dubaraa naannooshee kittaana irraa miliqsaa jirtu
‘’Barattuu kutaa shanii taheen poolisoonni hiriira irratti dhufaniitu kittaanni dubartootaa barsiifata miidhaa qabu akka tahe beektuu jedhanii nu gaafannaan, lakki jenne…’’
Maskaram Mul'ataa Maskaram Mul’ataa jedhamti barattuu kutaa shanii taateeti kittaanni ijoollee dubaraa miidhaa akka qabu kan dhageesse. ‘’Dubartii kittaanuun harka ofii kutanii hamma gatuuti,’’ nuun jedhan jetti. Dhalootaafi guddinnishee Naannoo Uummattoota Kibbaa, aanaa Maaraqoo ganda Haamus Gabiyaa jedhamutti dha. Amma mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Maaraqoo jedhamutti barachaa jirti. Barnoota poolisootarraa argatte guyyaan hojiirra oolchitu dhufuunsaa hin oolle. Haatishee ijoollee koo otoon hin kittaanamiin na jalaa hafan jechuun kittaansisuuuf akka qophaa’aa jiran dhageessi. ‘’Shamarran naannoo kittaanamanii kan koo hin hafan qodaa cabsu, qerqeree tahuu,’’ jetteeti haatishee, ‘’namticha kittaanu dhoksaadhaan fidna,’’ akka poolisonnii fi hogganooti hawaasaa hin dhageenyetti jechuu isaanii, dubbatti Maskaram. Yeroo sana Maskaram ‘’anaafi obboleettiin koo hin kittaanamnu, mana barumsaatti yoo kittaanamtan booda yeroo da’umsaa dhiigni isin dhangala’aa ….waan qara qabuun yoo isin muran dhiigdanii du’uu dandeessu jedhamneerra, kittaanni barsiifata boodatti hafaa dha nuun jedhaniiru,’’ jechuun haadhatti himti. Haati garuu hin tahu jedhanii yaadasheetti cichiti, Maskaramis diddeema jabaachuun yoo anaafi obboleettii koo kittaansifte ‘’mana murtiittan si himadha,’’ jechuun haadhashee akka doorsiste dubbatti. Garuu waan sodaatame hin hafne namichi kittaanu ‘bilaancii’ isaa qopheeffatee, koofiyyaa godhatee, kazaraa isaa of bira keewwatee mana barumsaa irraa yoo deebinu mana keenya taa’ee nu eegaa ture jette. ‘’Ani garuu gaafas obboleettii koo quxisuu natti aantee jirtu fudhadhee jalaa badeen, galgala erganni deemee booda deebi’een gale,’’ jette. Haadha koo ijaan ishee mormeef anatti jabaachuu hin dandeenye jetti, Maskaram. Haatahu malee obboloota koo xixiqqoo waggaa saddeetiifi isaa gad jiran ‘’akka kee osoo hin guddatiin dafanii kittaanamuu qabu, madaan isaanis dafee fayyaa naan jette,’’ jechuun dubbatti. Gaafa masqalaarra jilli qophaa’ee, nyaatni hojjetamee, ijoolleefis kennaan adda addaa dhufaafi ture, achumaan namichi inni kittaanu waamamee dhufee mana ture jetti Maskaram. Maskaram maatii ishee waliin ‘’Sana booda garuu obbolaa koo waggaa ja’aa fi saddeetii mormuufillee daa’imummaa qaban fudheen naannoo sanaa badeen mana nama biraan isaan kaa’e,’’ jetti. Manatti deebitee namichaan kittaanuu akka hin qabne yeroo itti himtu ‘’ijoolleen bara kana namaaf kabaja hin qabdan,’’ jechuu isaanii dubbatti. Haa tahu malee, jaarsoliifi hogganoota hawaasaa bira dhaqxee barsiifatni boodatti hafaa kuni dhaabbachuu akka qabu amansiisuun yaale jetti. Hogganootni hawaasaa dubbisheee dhagahanii namicha amansiisuu yaallaan waan dideef qabeenyisaa akka jalaa ugguramu ni goona jennaan mana isaaniittii akka hin deebine himti. Ergasii kutaa 7ffaa erga galteen booda naannoo jirturraa naannoo biraa barnootaaf yeroo deemtu ijoollee naannoo ishee gara baadiyyaa fagootti fuudhanii dhaquun kittaansisuu jalqaban jetti. ‘’Ammas akka ijoolleen kittaanamuu hin deemneef qofaatti gorseen iddoo kittaanaaf deemanirraa hambisnaan ayyoo ijoollee keessaa isheen tokko barsiisaatti akkan balleessaa hojjedhe godhuun himtee na reebsiste,’’ boodarra garuu barsiisonnis dhiifama na gaafatan jetti. Hiriyyaashees kittaanamuuf turtes mana isaaniitti dhoksitee maatiin ‘’si kittaansisna malee’’ jedhanii yoo didan akka mana murtiitti himattu gorsuushee yaadatti. ’Ani hin kittaanamne jechaan ummata barsiisa’` Erga kanaa mana barumsaa Qoshee jedhamutti dubartoota biroo akka ishee ‘hin kittaanamnu’ jechuun didan waliin tahuun guyyaa 15tti ala tokko manneetii barnootaa sadarkaa tokkoofi lammaffaa irratti barnoota kennina jetti. Gama kanaan biiroon dhimma dubartootaa akka isaan gargaaranis dubbatti. Shamarreen kuni hawaasa barsiisuun maatii ofiirraa jalqaba kan jettu yoo tahu, ‘ani hin kittaanamne,’ jedhee uummatatti dubbachuun hamma mana barumsaa baadiyyaatti barsiisaan jira jetti. Dubartoonni kittaanamanis akka hin qaanofneefi ‘’kan isaanii takkaa ijaa taheef warri kaan immoo akka isaanii miidhaan akka irra hin geenye,’’ walumaan taane barsiisna jechuun himti. Shamarreen kuni naannoo fi mana barumsaashee keessatti barnoota kennaa jirtu namoonni fudhataa fi dhaabonni tola olaan ishee jajjabeessuuf dhufanii gaaf ishee dubbisan akka itti boonan dubbatti. Fuuldurattis mirga dubartootaaf falmachuu akka itti fuftuufi jijjiirama arguu akka feetu dubbatti. ‘’Eessumni koo suuraa isa waa’ee koo barreeffame miidiyaa hawaasummaa irratti arge jabaadhu takka danqaa si dura jiru dabartteetta naan jedhe,’’ jetti. Akka qorannoo dhimma fayyaa biyyaalessaa Itoophiyaatti kittaanni dubartoota waggaa 15-49 jiranii harka 62 Naannoo Saboota Sablammootaaf Uummattoota Kibbaatti babal'ate argama.
oduu-46368225
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46368225
Dinagdee Cuquliisa: Kora dhimma qabeenya bishaan sirnaan fayyadamuurratti fuulleffate
Korri 'Dinagdee Cuquliisaa' dhimma qabeenya bishaaniitti qindoominaafi sirnaan fayyadamuu irratti fuulleffate Naayiroobii, Keeniyaatti gaggeeffame milkiin xumurame.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr. Warqinaa Gabayyoo 'Kora Dinagdee Cuquliisaa' (Blue Economy) Keeniyaatti qophaa'e kana irratti hirmaataniiru. Kora kana yeroo ibsan, "Waa'ee bishaanii irratti waltajjii gaggeeffamedha. Bishaan jechuun, galaanaa, garbaa, bishaan kan lafa keessa jiru. Karaa adda addaatiin biyyoonni bishaan qaban akkamiin fayyadamu akka itti danda'an muuxannoo waljijjiiruudha," jedhan. Gama biraatiin jedhan Dr. Warqinaan, bishaan bakka tokkotti hin dhaabatu. Bakka tokkoo ka'ee gara biraatti deema waan ta'eef kana irratti waliin qindaa'anii qabeenya guddaa kana attamiin akka fayyadaman ilaalchisee mariin tures baayyee gaarii ture jedhan. Faalama qabeenya bishaanii hambisuudhaaf waanti korri kun akeeke, keessattuu Itoophiyaa keessatti faalamni bishaanii bakka tokko tokkotti ammoo goginsi mudachaa waan jiruuf kan dhiyeesse yoo jiraateef gaafatamanii, dubbiin ijoo isuma kana akka ture ibsanii faalama pilaastika irraa jalqabee bishaan rakkoo summii irraa bilisa akka ta'u qindaa'anii hojjechuu irratti mariyatameera jedhan. Dabalataanis akkamiin qabeenya bishaaniifi biyyoo kunuunsuun akkaataa itti danda'mu irratti qorannoon namoota beekamoodhaan dhiyaatee ture jedhan. "Bakka goginsi jiru goginsa sana hir'isuufi bakka kunuunsi qabeenyaa gaariin jirus akka cimee itti fufu irratti muuxannoo bal'aa fudhannee jirra. Fuula duraafis hariiroo dippilomaasii keenyaafis kan dippilomaasii naannoo, dippilomaasii bishaanii jennee qabanne irratti waan gaarii waanta hedduu nu fayyadu argannee jirra," jedhan Dr. Warqinaa. Korri kun dhimma kunuunsa naannoo irratti kan xiyyeefate yommuu ta'u yeroo jalqabaa Keeniyaatti qophaa'uu isaati. Dhimmi ijoon kora kana irratti ka'e kan biraan qurxummuun seeraan ala akka malee qabamaa/kiyyeeffamaa jiraachuun yaaddoo addunyaa gama qabeenyaa kanaatiin jiru ta'uun beekamee akka tarkaanfiin atattamaa fudhatamuu qabu ka'ee ture. Warreen Kora Dinagdee Cuquliisaa kana qopheessan BBC'tti akka himanitti, qophii ture baayyee kan milkaa'e ture garuu dogogora raawwatametu ture. Dogoggorri kunis, qaruuraa bishaanii dabalatee pilaastikoota bishaan addunyaa kanaa akka malee faalaa jiran dhabamsiisuudhaaf kora taa'ame irratti hirmaattota yaa'ii kanaaf bishaan qaruuraa pilaastikaan dhiyeessuu ture. Akka qopheessitoonni kun jedhanitti qaruuraa bishaanii pilaasikaa tokkollee waltajjii sana irratti fayyadamuun irra hin turre. Ambaasaaddar Machariyaa Kamaawu, konfaraansii kana irratti qaruuraa bishaan pilaastikaa dhorkuun osoo danda'ameera ta'e faalama pilaastikaa balleessuudhaaf jalqabii gaarii ture jedhan. Ergamaan Addaa Biyyoota Gamtoomanii kan bishaan Garbaa BBC'tti akka himanitti, Konfaraansiin Dinagdee Cuquliisaa kun sochii Afriikaan Garba kunuunsuuf taasiftu irratti akka addunyaatti mata duree haasa'amaa jiruu ta'eera jedhan. Piiter Toomson akka jedhanittii, faayidaan qabeenya kunuunsuun akka itti fufinsaan jiraatu gochuun dubbii ijoo Konfaraansii kana irraa argamedha.
oduu-51713832
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51713832
ABO: 'Gaaddisni Hoggansa Paartilee Oromoo rakkoo mudataa jiru hiikaa hin jiru'
Tibbana hoggantoonni isaa hidhamuu kan ibse ABO'n marii Gaaddisni Hoggansa Oromoo [GHO] gaafa Dilbataa gaggeesse irratti akka hin hirmaanne ibseera.
Miseensota Gaaddisa Hoggansa Oromoo guyyaa waliigaltee irra gahan Qondaalli dhaabichaa BBC'tti akka himanitti 'ABO'n marii kana irratti hirmaachuuf qophii hin qabu ture'. Obbo Lammii Beenyaan akka jedhanitti miseensonni dhaabichaa hidhamanii waan turanif yeroo akkasiitti koottaa wal gahii hirmaadhaa jedhanii waamuun 'haamilee keenyaafis gaarii hin turre,' jedhu. Kanaafuu, mufii hoggansicha irraas qabnu ibsachuuf irraa hafne jedhan Obbo Lammiin. Dura taa'aan ABO Obbo Daawud Ibsaa tibbana miidiyaa biyya keessaa waliin turtii yero taasisanitti Gaaddisni kun 'suuraaf tolfame' jechuun qeeqanii turan. ''Tokkummaa polotikaa sirnaan wal bulchee [Oromoon] sirnaan ajandaa isaa xumurate wal gidduutti kan fuulduratti deemsisu akka hin taane ifaa ture akka itti tolfame [Gaaddisa Hoggansa Oromoo] suni, '' jedhan. Gama kaaniin, fooramii paartileen dhimma Oromoo irratti hojjechuuf ijaaran kana keessatti qooda kan qaban Obbo Jawaar Mohaammad ''dhimmoota uggura sochii dhaabbilee siyaasaa mari'annee kallattiin kaayameera,'' jechuun gaafa Dilbataa fuula Fesbuukii isaanii irratti barreessaniiru. Walgahii Gaaddisa kana irratti ABO'n durumaa eegalee hirmaataa turuu kan himan Obbo Lammiin garuu 'yeroo rakkoon uumamuu fi gama mootummaan barbaadamu qofa abidda dhaamsuuf kan itti daboo waammatan taheera,' jechuun qeequ. Akka sababaattis yeroo miseensonni dhaabichaa hidhamuufi 'hidhaan jumlaa raawwatus' furmaata hin fidne jedhu. ''Rakkoon kun haa furamu jennee yeroo hedduu gara mootummaattis ibsataa turre. Yeroo kana Gaaddisa Hoggansaa waan jedhamu kun as bahee furmaata kennees hin qabu,'' jedhan. Gaaddisni meeshaa mootummaan yeroo rakkoo keessa galu qofa waammatee itti fayyadamu tahuu hin qabu jechuun kan qeeqan Obbo Lammiin kanaan achi ummataaf murtoo keenya dhumaa beeksifna jedhe. Gaaddisni Hoggansa Oromoo maali? Gaaddisni Hoggansa Oromoo ji'oota muraasa dura dhimma Oromoo irratti hojjechuuf fooramii paartilee hundaa'edha. Gaaddisa Hoggansaa kana osoo hin hundeessin dura ji'oota jahaa oliif irratti mari'achaa akka turan waliin hojjechuuf guyyaa waliigaltichi mallattaa'e miidiyaaleef ibsamee ture. Yeroos Dura Taa'aan Gaaddisa Hoggansa Oromoo Obbo Lammaa Magarsaa "Ija biraan wal-ilaaluufi barmaata badaa kanaan duraa keessaa baanee hanga saba Oromoodhaaf jennetti walhubanne, waldhaggeeffannee dhimma waloo keenyarratti waliin taanee hojjechuudhaaf haala gaariifi miira qajeelaatiin waliigalleerra,'' jedhanii ture. Ergasii garuu Gaaddisni Hoggansaa kun rakkoo nageenyaas tahe dhimma paartilee Oromoo ilaallatan irratti wal gahuun hojii irraa eegamu akkaataa barbaadameen hin hojjenne jedhamuun qeeqamaa ture.
oduu-53004345
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53004345
Itoophiyaa: Dhaabbileen amantaa qaama seerummaa argatan lamaan maal dhugaa bahu?
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee kaleessa taa'en labsii qaama seerummaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi Mana Maree Waldaalee Amantoota Warra Wangeelaa Itoophiyaa raggaasisee jira.
"Manni Marichaa kana dura seera qabeessuummaa labsiin dhaabbate waan hin qabneef yeroo hunda heeyyama isaa akkuma 'NGO' tokkootti haaromsataa ture," jedhu Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti miseensi boordii bulchiinsaa Dr Jamaal Mahaammad. Gaafin qaama seerummaa mana marichaa dhiyaachuu erga eegalee waggoota 60 ol lakkoofsisuu isaa kan himan Yunivarsiitii Finfineetti gargaaraa proofeesaraafi Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti immoo miseensa boordii bulchiinsaa kan ta'an Dr Jamaal Mahaammad, "gaafiin deebi'e kun gaafii amantaaleen hundi walqixa kabajamuuti" jedhan. "Mootummoota kanaan dura turan keessatti ilaalchi biyyi tun biyya olaantummaa amantii tokkoo fi sabni tokkoo olaantummaa itti qabaataa turan waan ta'ef amanitin kun warra biraatin qixa jedhanii fudhachuun waan liqiimfamuuf hin turre. Amma garuu gaafin kun deebi'eera jedhan. "Kana dura manni marichaa seera qabeessuummaa labsiin dhaabbate waan hin qabaannef yeroo hunda heeyyama isaa akkuma NGO tokkootti haaromsataa deemaa ture" jechuunis himan. Aarsaa kaffalameefi bilisummaa… Pirezidaantiin Mana Maree Waldaalee Amantoota Warra Wangeelaa Itoophiyaa Dr Iyyaasuu Eliyaas labsiin Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa qaama seerumaa dhaabbilee amantaa kunneen ilaalchisuun raggaasise bu'aa aarsaa waggootaaf kaffalamee ta'uu himu. "Waggaa waggaan akkuma afooshaatti hojjetaan mootummaan ramade nu rakkisaa ture. Amma akkuma mana amantaa isaan biroo yeroo hin daangeefamnef biyyattii keessatti galmeefi beekkamtiin seeraa biraa osoo nun barbaachisin bilisummaan wangeela hojjechuu nu dandeessisa," jedhan. "Waggoota 100 hanga 125 ta'anif beekkamtii seeraa osoo hin qabaatin galmeedhaan hojjechaa turre. Kan darbe darbeera. Garuu dararaa heddutu ture. Abbootin keenya kan itti hidhaman, reebamaniifi ajjefamanii itti gatamanidha," kan jedhan Dr Iyyaasun labsiin kaleessa ragga'e bilisummaafi walqixxummaa kan fidu, akkasumas mirga heeraa kan kabachiisu ta'uu himu. Gama biraatin, labsiin ragga'e Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaaf seeraan akka beekkamu kan taasisu ta'uu kan himan Dr Jamaal Mahaammad "qaamni mootummaa kamiyyuu dhufee isa diiguf yookin immoo heeyyama isaa irraa mulquu hin danda'u jechuudha. Lammata immoo Manni Maree kun dhaabbilee isa barbaachisan ijaaruu danda'a" jedhan. Kana malees, labsichi dhaabbileen amantaa kunneen dhaabbilee ofii hundeessuun galii argachuu isaan dandeessisa. Dhumarrattis "Gaafin kun deebii akka argatuuf aarsaa guddaatu itti bahe kan jedhan Dr Jamaal Mahaammad 'namootni dhimmichi galma akka gahu aarsaa kafalaniifi angawootni mootummaa gaafii kana deebisan galata qabu," jedhan.
oduu-53290159
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53290159
Haati warraafi abbaan warraa adii dubartii gurraattii shugguxiin doorsisan himataman
Abbaan warraa fi haati warraa warra adii keessaa tahan bakka dhaabbii konkolaataa keessatti wal dhabuun dubartii gurraattii ijoollee ishee waliin turtetti qawwee baasuun sodaachiste himataman.
Jiiliyaan Wustenbarg shugguxii qabattee yeroo doorsistu viidiyoodhaan waraabamteetti Viidiyoon gochaa kana agarsiisu Ameerikaa kutaa Oriyoon naannoo Detiroot cinatti waraabame miliyoonota hedduu daawwatameera. Viidichi akka agarsiisutti dubartiin Jiiliyaan jedhamtu shugguxii qabachuun asii deemi jettee iyyiti. Abbaan seeraa naannichaa Mikaa'el Boochaardi akka jedhutti wal dhabdeen sun galma mana nyaataa irratti walitti bu'insa uumame irraan eegale. Abbaan manaa fi haati manaa lama tahanii qawwee baafataniiru. Maatiin gurraachi achi turan sun garuu meeshaa waraanaa homaa of harkaatii hin qaban jedhe abbaan seeraa. Kanaaf lamaan isaaniiyyuu abbaan warraa fi haati warraa himatamuu ibse. Dubartiin ganna 32, shamarree ganna 15 Makayilaa Giriin jedhamtutti yeroo dhaadattu haati shammarree sanaa Takeliyaa Hiil ammoo dhiifama gaafataa turan. Kana gidduutti shamarree Makaliyaa fi haati ishee viidiyoodhaan waraabaas turan. Booda Wustenbergi konkolaataa abbaan warraashee oofu seentee dubbiin ho'aama waan deemeef shugguxii ishee fudhattee baatee shamarree ganna 15 Makayilaa fi haadha isheetti qabde. Namoonni baay'een poolisii waamuun lamaan isaanii jechuun abbaan warraa fi haati warraa to'annoo jala oolan. ''Mee xiqqoo ishee wal haa dandeenyu. Deebii walii kennuuf ariifachuu osoo dhiisne. ''Yoo namni tokko dogonggora hojjete ani maatii koo fi hiriyyoota koo kaniin gorsu mee yeroodhaaf irraa haa galagallu ykn haa dhiifnu'' jechuun dubbate ibsa miidiyaaf kenne irratti abbaan seeraa kun. Hojii gaggeessaa ol-aanaan Oklaandi Deevid Kuulter waan taheen hedduu akka jeeqame ibse. ''Naamusa fudhatama hin qabnedha. Abbootiin alangaa himata hammina yakkichaa ibsu irratti dhiyeessu jedheen abdadha'' jedhe. Dubartiin himatamte kun erga wal dhabdee keessa galanii nuyi warra sabummaa leellisan miti jechuunis aariin akka dubbattu viidiyicha irraa argameera. Ameerikaatti Joorji Filooyid lammiin Ameerikaa gurraachi poolisii adiin ajjeefame hookkara fi mormii cimaa kaasuun qabeenyi guddaan manca'uunsaa taatee yeroo dhihooti.
oduu-51310317
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51310317
Caaltuu Taakkalaa guyyoota afur mana hidhaa turtee har'a gadhiifamte
Caaltuu Taakkalaa daa'ima ji'a jahaa irraa qabamtee hidhamte, hidhaa guyaa afuriin booda har'a gadhiifamteetti.
Caaltuu Taakkalaa daa'ima ishee ji'a jahaa irraa hidhamtee guyyoota afur booda gadhiifamte. Dilbata darbe halkan gara barii sa'a 10 keessa humni waraanaa poolisii federaalaa, kora bittinneessaa Oromiyaa fi kaan waliin tahuun mooraa keenya cabsanii seenuun barrii mana keenyaa rukutaa turan jette. Harmeenkoo eenyudha? jettee yommuu gaafattu 'Caaltuu barbaadna, Caaltuu koottu bahi, si barbaanna naan jedhan' jette. Yeroo kana haatikooo akkamitti mucaa fudhattee deemti qorra kanaan jennaan poolisoonni kaan walumaan haa deemtu jedhan. Isaanuma keessaa namni biraan tokko mucaa achitti haa fidan jennaan anaan fudhatanii deeman jette. Halkanuma sana qofuma koo gara qajeelcha poolisii godinaa na geessanii booda erga bari'ee gara qajeelcha poolisii magaalaatti na geessan jette. Caaltuun kanaan dura yeroo hidhamte barii lafaa ture kan qabamte. Ammas sa'aatii wal fakkaataa osoo lafti hin bari'iin qabamuun kee maaliifi? Icciitii akkamiitu duuba jira? kan jedhuuf Caaltuun inni kanaan duraa gaarii ture. Amma garuu halkan keessa yeroo namni rafu sa'aa 10 keessa tahuun isaa nama gaddisiisa jette. Kaayyoon isaa nama shororkeessuu yoo tahe malee sababni addaa waan jiru miti jette. Maaliin shakkamte? Hidhamuu ishee kanaaf humna shanee bosona jiru waliin hariiroo qabda jedhaniiti kan na hidhan jette Caaltuun. Garuu ani shanee waan hin beekneef naaf ibsaan jedhe. Isaanis shaneen humna hidhatee bosona jiru naan jedhan. Ani garuu waan jedhan kana akka hin beekneen hime jette. ''Ani ABOdha. ABO godina kanaan hoggana. Shanee waliin ammoo hidhata hin qabu. Kanumaan isaaniis kanuma qulqulleeffachuuf si qabne ni si gadhiisna jedhan,'' jette Caaltuun. Kanumaan har'a gadhiifamtee maatii isheetti dabalamteetti. Haa tahu malee mana hidhaan keessatti hidhame keessa namoota baay'eetu maqaa 'shanee' jedhu kanaan hidhamee jira jette. Dargaggootni shan naannoo Wallagga Lixaa aanaa Beegii tahan magaalaa Shaambuutti hidhamanii akka jiran dubbatti. Isaan daldaltoota tahuu himuun maatiin isaaniis eessatti akka hidhamii jiran waan hin beekneef namni isaan gaafataa jiru akka hin jirre himte. Filannoo irratti ni dorgomtaa? Caaltuun filannoo kana irratti akka dorgomtu himuun kanuma waan beekaniif na dararaa jiru jette. Gama biraan ammoo waajjirri isaanii yeroo hundaa humna waraanaan eegamaa oola jechuun komatti. Kanaan duras namootaaf leenji kenninee yeroo miseensotni galmaa'uu jalqaban dhiibbaa nurratti gochaa turan jedhan. Hamma lubbuun jirrutti itti fufnee hojjenna jechuun ibsite. ''Hamma diinakee yoo barte dubbiin si hin rakkistu'' Caaltuun daa'ima ishee irraa hidhamuu ishee yoo ibsitu ''ani hamma diinakoo waanan beekuuf homaa natti hin ulfaanne'' jette. ''Mootummaa kana jalatti haadhaaf ilmoo adda baasuu miti, haadhaaf ilmoo wal biratti akka ajjeesan waanan beekuuf hedduu natti hin ulfaanne,'' jette. Daa'ima koo waliin kan rakkachaa turte haadhakooti jette Caaltuun. Filannoo ara kanaaf akka dorgomtus himuun kutannee waan itti galleef ittuma fufna jette.
oduu-44036607
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44036607
Manni kitaabaa Zaambiyaa barattoota shamarree uffata 'gar-tokkee qullaa' uffatan akeekkachiise
Yunivarsitiin Zambiyaa maqaa qabu tokko, barattoota dhiiraa waan dogoggorsuuf 'gar-tokkee qullaa' ta'uun mana kitaabaa akka hin seenne jechuun barattoota shamarree hubachiise.
Barattuun Dikinaa Muzeya, barattoonni dhiiraa qayyabannaa isaani irratti xiyyeefachuu qabu jetti Yunivarsitiin magaalaa guddittii Lusaakaa jiru, hubachiisa of-qussanaan akka uffatan himu manneen kitaabaa irratti maxxanseera. Biyyii kibba Afrikaa kun gama aadaatin harbessuun beekamti. Barattoonni yunivarsitii kanaa garuu karaa ammayyaa ta'een uffatu jedheera, gazeexessaan BBC, KenedIi Gondiwe Zambiyaa irraa. Beeksisicha irratti kan barreefamee jiru,"Barattonni shamarreen tokko tokko yeroo mana kitaabaa fayyadaman, gar-tokkee qullaa akka uffataniifi kunimmo barattoota dhiiraa akka jeeqa jiru hubannaa keenya keessa galchineerra," jedha. "Kanaaf barattoonni shamarree yeroo bakka tajaajila yunivarsitii fayaddaman karaa of-qusataa ta'een akka uffatan hubachiisna. Of-qusannan karaa sirriidha." 'Luka dhiisaa, kitaaba ilaalaa' Barattoonni shamarree tokko tokko garuu qajeelfama kanaa ni mormu. "Ergamni kee yeroo mana kitaabaa galtu qayyabachuuf yoo ta'e, maaliif waan biraa, fakkenyaaf luka shamarree ilaalta?" jechuun barattuun waggaa 3ffaa Dikinaa Muzaya BBC'tti himti. "Kitaaba kee irratti xiyyeefadhu, kanuma," jetti. Garuu, barataan dhiiraa Kiliyoon Piiri qajeelfama kana deeggara. "Qaamni shamarree hammam akka nama hawwatu beekta," jedhee BBC'tti yeroo dubbate. "Yeroo shamarreen tokko huccuu gabaabaafi dhiphaa uffattee fuulakee dura deemtu akkamiin qayyabannaa irratti xiyyeefatta? Yaadnikee waan biraa yaduu jalqabee hin xiyyeeffattu."
oduu-52930331
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52930331
Koronaavaayirasii: Waa’ee namoota mallattoo malee Covid-19 daddabarsan
Weerarri koronaavaayirsii dabalaa akkaa deemeen, saayintistonni ragaalee waa’ee vaayirasichaa hin hubatamneefi yaddeessan argataniiru.
Yeroo namootni vaayirasichaa qabaman hedduun mallattooleen akka qufaa, ho’iinsi qaamaa dabaluufi miiraa dhamdhamuufi suunfachuun jalaa baduu iratti mul’atutti, namoonni kaan ammo tasumaan mallattoo dhukkubichaa waan hin qabneef akka Covid-19 qaban hin beekani. Qorattoonni kun namootni meeqaa akka hubaman baruufi namootni mallatoo hin qabne tatamsa’ina kana baay'isaa jiruu kan jedhu baruuf ni fayyadaa jedhu. Dilbata Amajjii 19, Singaappooritti akkuma barame amantoonni waldaa 'The Life Church and Mission' jedhamutti walitti qabami. Isaan keessa abbaa warraafi haati warraa lammanuu ganna 58 ganama sana Chaayinaa irraa deebi’an keessa turani. Namootni kun lamaanuu mallattoo dhukkubichaa waan hin qabneef namni koronaavaayirasii qabu jedhe shakke hin jiru. Yeroo sanatti irraa deddeebi’anii qufa’uun akka mallattoo dhukkubichaa isa ijoo fi mala inni ittin daddarbudha jedhame amanama ture. Mallattoo dhukkubichaa qabaachuu dhiisuun vaayirasicha daddabarsuu dhabuu ta’uu mala ture. Takka turanii garuu abbaa warraafi haati warraa garaagarummaa guyyaa lamaan dhukkubsatani. Sababa bakka vaayirasichi itti mul’ate Wuhaan waan turaniif garuu, kun danuu nama hin aja’ibsiisne. Torban itti aanutti garuu miseensoti hawaasichaa sadii sababa hin beekamneen vaayirasichaan qabamani, kunis Singapooritti koronaavayiriin wal qabate waan hin hubatamne ta'e. ‘Qorattoota dhukkubaa’ bobbaasuu Ministira Fayyaa Singaapooritti hogganaan damee dhukkuboota daddarbanii Dr Vernoon Lii “Bayyeema dalga nutti gale” jedhu. Utuu mallattoon dhukkubichaa irratti hin argamiin “Namootni waliibeeknee karaa hin beekamneen dhibee kana walitti dabarsaniiru,” jedhu. Kun waa’ee amala COvid-19 isa baran irraa adda itti ta’e. Kanaaf D Lii, sayintistoota biroo, poolisiifi ogeessota hordoffii waliin ta’uun kaartaa fayyadamanii eenyu eessa oolee kan jedhuun qorrannoo eegalan. Guyyootii gabaabaa keessatti, qorattoonni kun miseensota waldichaa 191 ta’an hasoofsisanii isaan keessa 142 kan ta’an Dilbata sana waldaa deemanii akka turan adda baasaniiru. Sana boodas lammiileen vaayirasichaan qabaman lamaan abbaa warraafi haadha warraa Chaayinaa turan sana waliin guyyaa sana waldaa akka turan baran. Vaayirasichi eenyurraa akka darbe baramus akkamiin osoo namootni sun mallattoo dhukubbichaa hin qabatin nama biraatti dabarsuu danda’an kan jedhu gaaffii uume. Dabalataan, gaaffii guddaa kan uume dubartiin sadaffaa vaayirasichaan qabamte yeroo sanatti namoota vaayirasicha qaban waliin waldaa hin turre. Ta’us boodarra waldaama sanatti tajaajilaa saatii biraa irratti hirmaatte turte, kanaaf akkamiin vaayirasii kanaan qabamte? Ragaa hin yaadamne Qorattoonni viidiyoo waldaa sanaan guyyaa sanatti waraabame yeroo ilaalaan wanta hin eegne argani. Dubaartiin kun saatii dheeraa booda waldaa sana seentus barcuma namootni Chaayinaa irra dhufan ta’an irra ture kan teesse. Mallattoo dhukkubichaa qabaachuu baatanis namootni kun vaayirasicha namoota biraatti dabarsaniiru. Tarii vaayirasichi harkasaanii irraa gara barcumaatti, ykn haafura isaaniin vaayirasichi ba’ee bakka wayii qubatee haa ta’u wanti adda baafame hin jiru, ta’us kun wanta agarsiisu guddaa qaba ture. Dr Lii ragaa funaanan yeroo ilaalanitti deebii ta’u kan danda’u vaayirasichi namoota qabaachuu isaaniillee ofirratti hin beekneen tatamsa’aa akka jirudha. Gorsi dhaabbilee fayyaa hanga sanatti namoota mallattoo koronaavaayirasii qaban irraa of eeggachuu kan jedhu waan tureef, kun argannoo addunyaa maraaf barbaachisaa ta’eedha. Garuu vaayirasiin kun utuu hin beekamiin namoota mallattoo dhukkubichaa hin qabneen tatamsa’uu danda’a yoo ta’e akkamiin dhibee kana dhaabuun danda’ama? Qorannoon kuniifi biroon utuu mallattoon dhukkubichaa hin mul’atiin dura saatii 24 -48 kan ta’u yeroo ijoo kan namootni caalatti vaayirasicha namatti dabarsan ta’u akka malu agarsiisa. Ta’us garuu akkamiin dhibeen kun dhangala’aa qufaa keessa jiruun alatti akka daddarbuu danda’umallee gaaffiidha. Tilmaamni tokko salphaamaan nama tokkorraa biraatti haasaa ykn hafuuraan darbu danda’a kan jedhudha. Kanaaf namni walitti dhiyoo jiru keessumaayyu mana tokko keessatti walitti daddarbuu danda’a. Inni biraan ammo wal xuxxuquun darbuu akka danda’udha. Harka nama tokkoorraa harka nama biraatti, ykn meeshaa, balbala, barcumarraa gara nama biraatti darbuu danda’a. Namootni tokko tokko tasumaan mallattoo dhibee kana hin qabani. Kun taatee saayintistoonni gutummaa guututtii deebii itti kennuu hin dandeenyedha. Namootni akkanaa ofii isaanii dhibee kanaan utuu dhukkubbii qaamaa hin qabaatiin namoota birootti garuu vaayirasicha dabarsuu danda’u. Hanga ammaatti namootni meeqaa utuu irratti hin beekamiin akka vaayirasicha qaban hin beekamu. Qorattoonni namoota koronaavaayirasii qabaachuun isaanii barame keessa harki sadii mallatoo dhukkubichaa akka hin qabne argataniiru. Deebii argachuuf saayintistoonnifi anga’oonni biyyoota gara garaa ummata hundaaf qorannoo gaggeesuuf yaalaa jiru. Gartuun saayintistoota Kaalifoorniyaa mallattoo dhukkubichaa osoo hin qabaatiin eenyu akka vaayirasicha qabu baruu dhabuun weerara kana ittisuuf sochii godhamu irratti dadhabbii kan uumudha jechuun amanu. Akka ilaalcha isaanitti, weerara kana dhaabuun kan danda’amu qabna jedhanii yaadanis yaaduu dhabanis eenyu vaayirasicha qaba jechuun adda baasuudha jedhu. Malli akkanaa magaalaa Wuhaan Chaayinaa, bakka dhibee kun itti eegalli keessatti hojiirra ooleera. Namoota mallattoo dhukkubichaa hin qabne dabalatee, enyuu vaayirasicha akka qabu adda baasuuf guyyoota sagal qofaa keessatti qorannoo jumlaa gaggeeffameen namootni miiliyoona 6.5 qoratamaniiru. Akkaa sochii ugguruun laaffataa deemuun namootni fayyaadama tajaajila geejjibaa, gabaa ykn hojitti deebi’anitti yeroo kaan caalaa waa’ee rakkoo hin mul’annee kanaaf xiyyeefannoo kennuun barbaachisaadha.
oduu-53786695
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53786695
Teeppiitti dhaabbileen mootummaa fi dhunfaa erga cufamanii guyyoota shan ta'e
Dhaabbbileen tajaajila uummataa kan dhuunfaa fi mootummaa magaalaa Teeppii erga cufamanii guyyoota shan ta'uu jiraattonni BBCtti himan. Daandiin magaalattii magaalotaa fi aanaalee ollaa waliin wal qunnamsiisu erga cufame immoo waggaan tokko darbeera jedhan.
Bulchiinsi magaalattii geejiba addaan cite deebisuuf abbootii qabeenyaa konkolaataa qaban tajaajila akka kennan dirqisiisullee milkaa’uu waan hin dandeenyeef to’annoo jala oolaniiru. ‘’Manneetiin daldalaa kan cufaman daandiin Teeppii irraa Maashaa geessu bulchiinsi naannichaa dirqamaan bansiisuuf yaalee didnaan, abbootii konkolaataa hidhaa galchinaani,’’ jedhan jiraataan maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan. Bulchitoonni geejiba dirqamaan jalqabsiisuuf yaaluun, achii immoo warreen tajaajila kana kennuu didan hidhuun, hawaasni dhaabota daldalaa akka cufu isa taasise kan jedhan immoo jiraata biroo maqaan isaanii akka hin dhahamne fedhani dha. Jiraataan magaalattii biraa immoo ’’qaamni naannichatti hidhatee socho’u manneetii daldalaa akka hin banne ajajuun dhaabota mootummaa dabalatee kaanillee erga cufamanii guyyaa shan darbeera,’’ jedhan. Teeppii magaalaa Kubbiitoo jedhamun jiraadha kan jedhan immoo, ’’gaaffii caasaa uummatni kaase hanga yoonaa gatii hin deebineef komiitu mormii kana kaase" jedhan. Naannichatti dhaabbileen mootummaas tahe kan dhuunfaa akka hin hojjenne kan himan jiraataan kun dargaggoonni daggalatti galaniiruu jedhan. Jiraataan magaalattii biraa immoo,’’ hidhataan dhaabbata keessan cufaa jedhe hin jiru, hawaasni nageenya mataasaaf sodaateetu cufe,’’ jedheera. Naannoo Kibbaatti ajajaan poolisiin humna addaa koomishinar Indaala Abarraa, amma dubbiin qabbanaa’uu himuun kana kan raawwatu ‘’shiftoota hidhate dha’’ jechuun BBCtti himan. Shiftoonni naanichatti socho’an ‘’konkolaataa dhaabachiisanii hatu, mana namaarra deemanii qarshii saamu, yoo didan ajjeesu,’’ jechuun rakkoo qaqqabsiisan himu. Jiraattonni BBCn dubbise dargaggoonni bosona galan jedhaman meeshaa waraanaa hidhachuu mirkaneessaniiru. Koomishinarichi hawaasni nagaa akka barbaadu himuun, haa tahu malee ‘’dhaabbata daldalaa banuuf yoo jedhan hin baniinaa sin jalaa gubna,’’ akka jedhaman himu. Qaamoti hidhatan kunneen,’’aanaa Yakkii jedhamu keessatti akka socho’an,’’ koomishinarichi dubbatu. Miidhaa hidhattoonni kunneen qaqqabsiisaniin buqqa’anii kan Teeppii galaniifi Teeppii irraa immoo baqatanii kan deemaniifi qabeenyaan isaanii kan barbadaa’e fi kan du’an jiraachuu himu. Mootummaan namoota kunneen qe’ee isaaniitti deebisuuf hojjechaa jiras jedhan. Koomishinarichi warreen shiftaa dha jedhan keessa muraasni to’annoo jala ooluufi hokkora uumu warreen jedhamanis seeraan gaafatamuu isaanii dubbatu. Jiraataan BBCn dubbise dargaggoonni bosona galan jedhaman naannichatti qonna bunaafi abukaadoodhaan kan jiraataniifi magaalaa mana kan qaban yoo tahu, ’’dargaggoonni kunneen miidhaa qaamoti nageenyaa qaqqabsiisan baqataniitu qonna isaanii eeguuf galanii dhokatan,’’ jedhan. Dhaaboti kunneenis ergaa dargaggoonni dabarsaniin sodaadhaan cufame jedhu. Naannoo Teeppiitti yeroo dheeraaf koomaand poostiin buufatee kan jiru yoo tahu. Raayyaa Ittisa Biyyaa fi polisiin addaa naannichaa illee akka socho’u himu. Magaalattiitti dargaggoonni baayyee hidhamuufi rakkoon kun kan uumame jiraataan naannichaa gaaffii godina tahuu deebii argachuu dhabuufi ukkaamamuu dha jedhan. Koomishinariichi immoo dargaggoonni gaaffii caasaa qabatanii addabaabaayitti bahanii jiru,’’hawaasni garuu gaaffiin keenyi caasaan mootummaan deebi’aa nuti nagaa barbaadna,’’ jechuu himuun,warreen hannaan qabeenya horatantu nagaa booressaa jedhan. Waliitti bu’insa qaamota nageeyaa fi dargaggoota gidduutti uumameen dargaggoonni du’anillee jiru jedhan. Gaaffiin ka'e maali? Godinni Shakkaa dhalattoota saboota sadiitu baay’inaan keessa jiraata. Shakkaa, Shakkoo fi Mazangir. Naannoo Kibbaa godina Shakkaa jala aanaalee sadiitu jira. Irra deddeebiin rakkoon bulchiinsaa akka irra gahu warreen komii dhiyyeessan kan aanaa Yakii keessa jiraatani dha. Jiraattonni aanaa Shakkaa jalatti hin bullu jechuun irra deddeebiin komii dhiyeessaa turan. Rakkoon caasaa kun itoo hin hiikamiin turuu jiraattonni ni dubbatu. Naannichatti nagaafi tasgabbiin yeroo garaagaraatti uumamuun jiraattonni qe’ee isaaniirraa waan buqqa’aniif komaand poostiin ramadamee nageenya eegsisaa jira. Aanaa Yakkiis tahe magaalaa aanattii kan taate Teeppii daandiin quunnamsiisu erga cufamee bubbuluu jiraattonni dubbataniiru. Karaan Jimmaa, Mizaan,Maashaa Goree fi Naannoo Gaambeellaatti geessu cufamuu fi tajaajilli geejibaa akka hin jirre dubbatu. Aanaa Yakkii keessa sabaafi sablammoonni 18 ol akka jiraatan ni himama.
oduu-49889265
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49889265
Atleet Fayyisaa Leelisa: 'Meedaaliyaan Olompiika Riyoo yaadannoo wareegamtootaati'
Atleet Fayyisaa Leellisaa Meedaaliyaa Meetii dorgommi Maaraatoonii Olompiika Riyoorratti argate wareegamtootaaf yaadannoo akka ta'u Kamisa dhufu galma Barukumeetti dabarsee kennuuf qophaa'uu beeksise.
Olompiika Riyoo bara 2016'tti gaggeefame irratti Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomee, lammaffaa yoo bahu mallattoo diddaa Oromoo agarsiisuun mormii agarsiiseen kabajaa fi beekamtii guddaa horateera. Waggaa sadii dura Riyoo irraa gara Ameerikaa yeroo galetti, waadaa Meedaaliyaa argate wareegamtootaaf yaadannoo akka ta'u gale kabajuuf sirna kamisa dhufuu qopheessuus BBC'tti himeera. ''Uummata Oromoo qabsoo kanatti wareegameef, kan maatii isaanii qabsoo kanatti dhaban, kan gara fuula duraallee aarsaa kaffaluuf jiran akkasumas kanneen quuqama Oromummaa qabaniif yaadannoo akka naa ta'u jedhee Minisootaatti waadaa galeen ture'' jedha Atleet Fayyisaan. Kuniis ''gaafan jijjiiramni wayii dhufee biyyatti gale muuziyeemi Oromiyaa keessa taa'ee namni hundu akka kan isaa ta'etti akka dhaqee daawwatun godha'' jedheen tures jedha. Waadaa kana akkuma biyya galeen si'a lama qophii qopheessee qabatamaan agarsiisuuf yaalus rakkoowwan nageenyaarraa kan ka'e osoo hin milkeessiin hafee amma milkaahuufis nutti himeera. "Miira wal makaatu natti dhagaahame" - atileet Fayyisaa Leellisaa Fayyisaan sababa mormii agarsiiseef meedaaliyaan isaa dhorkamee, erga inni Ameerikaa galee Waldaa Olompiikii Addunyaan akka kennamuuf murtaa'e. Waadaa kanas sana booda galuu isaa yaadata Atleet Fayyisaan. Kamisa dhufu qophii Galma Barkumeetti gaggeefamuun Fayyisaan meedaaliyaa isaa mootummaa Naannoo Oromiyaaf (bakka uummata Oromoo bu'ee) ifatti akka dabarsu nutti himeera. Yeroon Waadaa galuu ''qaama Biyya Oromiyaa hoogganuufin'' kenna jedheen tures jedha. Guyyuma kanas Faawundeeshiniin maqaa Atleet Fayyisaa Leellisaan mogga'es ni hundeeffama. Faawundeeshiniin kun adda durummaan namoota harka qalleeyyii fi qabsoo keessatti miidhaman gargaaruu, ispoortessitoota cimsuu, kabajamuu mirga namoomaaf falmuurratti hojjetaa nuun jedheera. Atleet Fayyisaa Leellisaa erga gara biyyaatti deebi'ee miidhama isa muaterraa kan ka'e dorgommiwwan irratti hirmaatee hin milkoofne. ''Akkuman biyyatti deebi'een shaakala eegaleen ture garuu rakkoo somba koo mudateen dhibameen guyyoota 45'f Ameerikaatti yaalamaan ture. Achitti infeekshinii Sombaa qabaachuun dhibamuu koo natti himaniiru.'' ''Bayyee dhibameen ture'' kan jedhu Fayyisaan, qilleensi biyya baruuf isa rakkisuus dubbata. Ji'oota dhufan shan keessattis dorgommii irratti himaachuuf gahumsa guutuu akka hin qabaanne nutti himeera.
oduu-49575698
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49575698
Sirboonni Afaan Oromoo 'YouTube' irratti hagam ilaalamaa jiru?
Yeroo dhiyoo as walleewwan Afaan Oromoo qabiyyee bareedaa qabaniifi kilippiidhaan akkaataa aadaa hawaasichaa calaqqisiisuu fi bifa ammayyaawaa ta'een hojjetaman heddummaachaa jiru.
Walleewwan hojjetaman kunneen hedduun isaanii karaa YouTube gadi lakkifamu. Haa ta'u malee sirboota afaan biraan wallifaman waliin walbira qabamanii yoo ilaalaman kan afaan Oromootin hojjetamu nama ilaalu hedduu hin argatu. Lakkofsa namoota viidiyoo wallee sanaa daawwataniin maallaqni kan kafalamu artistonni Oromoos sababa namoota hedduun hin ilaalamneef hanga itti dhama'an argachaa hin jirani. Viidiyoowwan sirba Afaan Oromoo erga qulqullinaan hojjetamanii 'YouTube' irra kaa'amanii lakkoofsi namoota ilaalanii maaliif xiqqaa ta'a kan jedhu gaaffii namoota hedduuti. Walleewwan Afaan Oromoo viidiyoon hojjetamanii gadi dhiifaman akka hordoftu kan himtu Caaltuu (Hinarii) Mahaammad namoota yaada kana marsaalee hawaasaa irratti kaasan keessaa tokko. Atakaaroo albama haaraa Abush Zallaqaa irratti miidiyaa hawaasummaarra deemaa turerraa ka'uun yaada kennuuf akka dirqamte dubbatti. ''Abbush Zaallaqaa aadaa Oromoo mul'isuuf waa heddu hojjete. Ammammoo Afaan Amaaraan albama baase jennaan takkaadhumaan namoonni miidiyaa hawaasummaarratti itti duulan. Garuu silaa kan dursuu qabu komiitti fiiguu osoo hin taane nuti hoo maal hojjechaa jirra kan jedhuudha," jetti. "Aartistoonni keenya wallee hedduu baasaa jirani, nutimmoo caqasuudhaan jajjabeessuu qabna,'' jetti. ''Sirbi Afaan Oromoo ji'oota dura YouTube irratti gadi dhiifamanii fi sirbi Afaan Amaaraa kan guyyaa tokko dura ba'e garaagarummaa guddaa qaba. Kan Afaan Amaaraa kan guyyaa tokkotti ilaalamu kan Afaan Oromoo ji'oota dura ba'e daran caala," jetti Caaltuun. ''Walleewwan saba biraas YouTube irra seenee kan ilaalu baay'inaan Oromoodha. Keenya garuu ni tuffanna. Keenya tuffachaa yoo inni gara biraa deemummoo komachuun sirrii miti. Dura dirqama keenya haa baanu kan jedhurraa ka'een yaada kiyya barreesse,'' jetti. Sirba mata duree 'Gadaatu keeti' jedhu erga baasee booda uummata Oromoo biratti fudhatama kan argate Weellisaa Anduu'alam Gosaa tibbanammoo mata duree 'Michuu dhugaa' jedhuun wallee baaseen daranuu jaal'atameera. Weellisaa Anduu'alam duub-deebiin isa jajjabeessu akka kennameef dubbata. Haa ta'u malee hamman eegee gadi jedha. ''Namoonni sirba kiyya 'Michuu dhugaa' jedhu ilaalalanii yaada gaarii kan na jajjabeessu naaf kennaniiru. Garuu sababa interneetiifis ta'uu danda'aa, hamma eegame hin ilaalamne," jedhe. ''Aartiin Oromoo reef mataa ol qabachaa jiru yeroo kamiyyuu caalaa gargaarsa barbaada. Afaan Oromoo afaan saba guddaa ta'ee osoo jiruu sirbi afaan kanaan sirbamu garuu nama isa ilaalu muraasa qaba,'' jedha Andu'aalam. Oromoon hagam yoo wal gaddisiisellee tokkoomuun dirqama yaada jedhuun walleesaa haaraa 'Michuu dhugaa' akka hojjete kan ibsu Anduu'alam sirbi kun barsiisaadha waan ta'eef dhaggeeffatamuu qaba jedha. Yeroo baay'ee Afaan Oromootiin lama ta'anii qoosaa hojjechuudhaan kan beekaman Buzee fi Takkeen YouTube irratti akkaataa aartiin Oromoo itti ilaalamurratti yaada kennaniiru. ''Oromoon afaansaa hedduu jaalata, sadarkaa federaalaattillee akka afaan hojii ta'u barbaada. Garuu wantoota yaada kana utuban irrattimmoo hojjechaa hin jiru," jedha artiist Buzeen. Walleen Oromoo 'YouTube' irratti osoo nama baay'eedhaan ilaalamee silaa Afaan keenya kana guddisuuf ga'ee olaanaa qabaata jedha. Namni keenya hojii Afaan Oromootiin hojjetamee YouTube irra kaa'ame waliif hin qoodu, rakkoo guddan kanadha jedha. "Saboonni biroon waliif qoodu, waliif beeksisu, yaada waliif kennu. Namni tokko battala hojii aartii haaraa argetti biyya waliin ga'a. Keenya garuu utuu ilaaluu bira darba,'' jedhe Buzeen. ''Keessattuu qoosaa Afaan Oromoo tuffatanii kan Afaan biraa filachuutu jira. Kunimmoo sabboonummaan afaan qofaa waan nama jechisiisuudha. Badaas ta'e gaarii kanuma ofii ilaalanii utuu gorfatanii gaarii ta'a,'' dhaamsa jedhus dabarseera. Artiist Takkeen gama isaatiin aartiin Oromoo yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama agarsiisaa jiraachuu himee, garuummoo dhiibbaan jaarraa tokkoo oliif sabicharra ture eelaansaa ammallee gadi nu harkisaa jira jedha. ''Akka baay'inaa fi dandeettii keenyaan silaa akka addunyaattidha dorgomuun kan nurra ture. Ammas dorgommii sana keessa galuuf aartistoonni keenya ifaajaa jiru. Uummanni keenyas amma kana gara ofiitti deebi'aa jira," jedha. "Kanaaf galee waansaa daawwachuu qaba. Qarshii interneetiif baasu faayida aartii isaaf oolchuu qaba," jedha. ''Uummanni Oromoo waansaa jaalachuurratti rakkoo hin qabu. Garuu hubannootu hin kennamneef, miidiyaanis kanarratti hin hojjenne. Kanaafuu wanti furmaata ta'u dhimma kanarratti hubannoo hawaasaa uumuudha,'' jedha. Kanaan dura sababa hanqina qulqullinaatiin aartistoota keenya komataa turre kan jettu Caaltuun amma erga walleewwan qulqullinaa fi bifa nama hawwataniin hojjetamuu eegalaniis afaanumaan jajuu malee seennee ilaalaa hin jirru jetti. Sirba YouTube irraa buusanii feesbuukii irratti maxxansuu osoo hin taane akkuma jirutti qooddachuutu aartistoota fayyada waan ta'eef 'Link' isaa haa qooddannu jetti. Gama artiistotaanis sirboota viidiyoo hawwatoodhaan hojjechuu qofa osoo hin taane dursanii beeksisuurrattillee hanqinni jiraachuu himti. Keessattuu miidiyaa hawaasummaa dhimma kanaaf akkaan fayyadamuu feesisa jetti Caaltuun. Aartiin Oromoo reef hacuuccaa jalaa kan ba'aa jiru waan ta'eef abbootiin qabeenyaa Oromoollee gargaaruu qabu jetti.
oduu-55514802
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55514802
Faransaayitti namoonni 2,500 ol ragada seeraan alaa irratti hirmaatan poolisiin walitti bu’an
Faransaayi wayita koroonaavaayirasiin hubamaa jirtu kanatti namonni 2,500 ol ta'an sagantaa dhichisaa seeraan ala irratti walitti qabamuun barame.
Lammiileen UK fi Ispeen saganticha irratti hirmaataniiru jedhame Sagantaan mana kuusaa bakka Liroon jedhamtu kan naannoo Biriitaaniitti argamtu keessatti Kamisa eegalame, ammallee itti fufee jira. Akka poolisiin jedhutti, warreen ragada kanarratti hirmaatan keessa lammiileen UK fi Ispeen ni argamu. Hirmaattonni poolisii waliin walitti bu’anii jiru, konkolaataa tokko gubuun poolisoota saganticha dhaabsisuuf yaalanirratti meeshaalee darbachaa turan. Amma yoonaattis yoo xiqqaate poolisoonni sadii miidhamaniiru. Ibsi angaoota naannoorraa ba’e: "Poolisiin sagantichi akka dhaabbatuuf yaalii taasisus, warreen hirmaatan kan dhaga’an miti," jedha. Poolisiin saganticha cufuuf yaalii taasisus hin milkoofneefi Sagantaa kanarratti kan hirmaatan keessaa tokko maqaa Joo jedhuun of waamee yaada AFP’f kenneen, ‘‘nama muraasa qofatu dambii walirraa hiiquu kabajaa ture’’ jedha. Muraasni isaaniis konkolaataa keessa rafuun gara shubbisaatti kan deebi’an yoo ta’u, hanga Dilbataatti turuuf yaada kan qabanis jiru. Inumaa Kibxatatti osoo achi siqee kan jedhanis hin dhabamani, akka ‘Le Monde’ gabaasetti. Namni biraa tokko akka jedhetti sagantichi nyaataafi dhugaatiin guutamee ‘‘haalaan kan qindaa’edha’ jedhe. Ministirri haajaa dhimma keessaa Faransaayi Jeeraaldi Daarmaaniin Jimaata kaleessaa dhimma sagantaa kanaarratti mari’achuuf wal-ga’ii hatattamaa waamanii turan. Akka isaan jedhanitti, karaa konkolaataan itti ba’u hundi cufamee namoota 200 ol ta’aniif akeekkachiisni afaanii poolisiidhaan kennameeraaf. Faransaayitti poolisoonni kuma 100 caalanis seera uggura sa’aa cimaa biyyattiin keessatti labsame hojiirra oolchuufi warra kana cabsuun sagantaa ragadaa qopheessan adamsuuf biyyattii guutuutti bobba’anii jiru.
oduu-54411613
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54411613
Ameerikaa: Tiraamp deeggartootasaa ilaaluuf hospitaalaa bahuun alatti mul'atan
Erga Doonaald Tiraampiifi haatii warraa saanii Covid-19n qabamunsaanii dhagahamee kaasee, haalli fayyina Doonaald Tiraamp mata-duree ijoo addunyaa ta'eera.
Tiraampi maaskiifi suufii kaawwachuun bahanii konkolaataan deeggarstootatti nagaa dhaaman Kanaafis sababii inni guddaan dhiibbaa dhukkubsachuun isaa filannoo dufaa irratti qabaatuudha. Imaammanni namni filannoo Ameerikaatiin mo'atu tokko hordoofuus kallattii hedduun carraa biyyoota addunyaa kan murteessuudha. Sababii kananafaa wal qabatee dhimmi fayyaa Tiraamp hedduu biratti xiyyeeffannaan kan hordofamuuf. Haata'u malee, osoo haalli fayyaa Tiraamp ilaalchisee oduuwwan garaa garaa dubbatamaa jiruu, innis ammoo konkolaataa gur'aachaan suufiifi maaskii kaawwachuun hospitaalaan ala bahee mullachuunsaa addunyaa dinqisiiseera. Hospitaalaa kan bahanis deggartoota isaa akka fayyaa ta'aniif hawwaniifi nagaa gaaffachuufi dinqisiifannaa isaa ibsuuf. Haaluma kanaanis konkolaataan inni keessa ture dallaa hospitaalichaan alatti asiifi achi wayita deedeebiitu mallate jirti. Gochaan Tiraamp kun ammoo namoota tokko tokkoo aarseera. Konkolaachiisaafi eegdoonni Tiraamp waliin turan adda of baasnii turuu qabaatu jedhameera. Sababiinsaas nama vaayirasichaan qabame waliin konkolaataa tokko keessa taa'aan isaan saaxila waan ta'eef. Hojjattoota hospitaala Tiraamp keessatti wallaanamaa jiru osoo hin hafiin gocha isaa kana qeeqaniiru. Pirof. Dr Jams Filiip, Yunvarsitii Joorji Waashingitanitti oqeessi dhukkuboota yeroo tasaa tiwiitara irratti akka barresanitti, ''konkolaataan Tiraamp rasaasaa irraa ittisa ta'a malee vaayirasii hin ittisu. Namoonni isa waliin konkolaataa keessa turan balaaf saaxilamaniiru,'' jedhaniiru. Kanaafuu, namoonni kunneen guyyoota 14 dhufaniifi adda of baasuun turan qoratamuu qabaatu jedheera. ''Lammiilee biyyattii kuma 205 ol du'aniiru. Ammas kan barbaadnu hooggansa murannooo qabudha Gaggeessaa suuraaf jecha siree irraa ka'u miti,'' hakimiin dura ta'aa bakka bu'oota mana maree dimokiraatootaa Jafariis. Tiraamp garuu osoo konkolaataa keessaa hin bu'iin harka raasuun deeggartootaatti nagaa dhaamaniiru. Tiraamp Wiixata waaree booda gutummaatti hospitaalaa bahuun gara manasaa kan Waayiit Hawusiitti deebi'uu danda'a jedhamee eegama. Haata'u malee, haalli fayyina Tiraamp wayita hospitaala turanitti maal akka fakkaatu ilaalchisee ammalleen ragaan ifa ta'e hin baramne. Mallattoo Covid-19 muraasa agarsiisuun alatti fayyaa turan ragaan jedhu sobaa akka ture mirkanaa'eera. Hakima dhuunfaasaa dabalatee akka amananitti, Tiraamp Oksijiniin kennamaaf akka ture barameera. Haalli Oksijiin isaa kan gadi bu'e ammoo yeroo lama ture. Kanaafuu, qoricha Isteroyid Dekesametazon akka fudhatu taasifameera. Namoonni qoricha akkasii akka fudhatan taasifaman ammoo kanneen haala sodaachisaa keessa galan ykn dhukkubichi lubbuuf sodaachisaadha jedhamee shakkamedha. Tiraamp qoricha kana fudhachuun midiyaatti kan ibsame baayyee turameeti. Qoricha kanaan alattis qorichoota yaaliirratti argaman akka fudhachuu danda'ulleen himameera. Tiraamp haala lubbusaatiif sodaachisu kana keessa ta'elleen hospitaala taa'uun hojiisaa hojjachaa jiraachutuu himamee ture. Tiramp erga hospitaalaa bahuun deeggartootatti nagaa dhaamanii deebi'aniin booda erga tiwitaraa bareessaniin akkas jedhanii ture. ''Amma waa'ee Covid-19 baayyee baradheera. Mana barnootaa deemeen baradhe. Kun mana barnootaa sirriidha. Mana barnootaa dabtaraafi qalama itti hin abarbaachifne. Covid-19 jechuun maal jechuu akka ta'e bareera. Kanan hubadhe ammoo nan barsiisa,'' jedhaniiru. Tiraamp hoogganaa dhimma Covid-19 irratti qoosaa turanidha. Umuriifi furdinni isaanii ammoo erga vaayirasichaan qabamee booda lubbuuf akka sodaatamu taasisee ture.
oduu-52377572
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52377572
Koronaavaayirasiifi oggansa: Biyyoonni dubartootaan ogganaman attamiin haala gaariin weerara koronaa to'atanii?
Biyyooti akka Niiw Ziilaand, Jarmanii, Taayiwaan, Noorwaayifi biyyootiiin dubartootan hogganaman tokko tokko biyyoota biro waliin yeroo madaalamu lakkoofsi namoota Cobid-19 du'anii irra xiqqaadha.
Aanga'ooti siyaasaa isaaniis ilaalcha isaaniifi yeroo weerara knatti murteewwan fudhataniif midiyaaleen jajamaa jiru. Gabaasi Forbe dhiyeenya baase tokko 'fakkeenya hoggaansa dhugaa' jedheraani. "Dubartoonni rakkoo camaa maatii keenya irra ga'u akkamiin akka to'achuu dandeenyu addunyaa agarsiisa jiru" jedha Forbes barreefama isaanitiin. Addunyaa keessatti hogansi biyyaa dubartoota %7 qofa ta'us qeeqxoonni akka dubbatanitti namootni qormaata Covid-19 salphaatti darbaa jiran harki caalaan dubartoota. Kanaaf weerara koronaavaayirasii to'achuu irratti dubatoonni biyyaa hogganaan maaliiff caalaatti milkaa'uu? Deebii atattamaa Ministirri Muummee Ayislaand Kaatrin Jakobsdottir qorannoo vaayirasichaa lakkoofsa guddaan eegalte. Lakkoofsi uummataa ishee 360,000 ta'us Ayiislaand gara dhuma Amajjii utuu namni vaayirasichaan qabame utuu biyyottiitti hin argamiin ture qajeelfamoota akka namootni 20 ol akka walitti hin qabamne jechuun weerara Covid-19 lolu kan eegalte. Hanga ammatti (Ebla 20) namootni Covid-19 lubbuun isaani darbe 9 ta'u. Taayiwaan keessatti Pireezdaant Tsai Ing-wen hatattamaan ture wiirtuu to'annoo weerara dhibee hundeessuun, vaayirasicha to'achuufi hordofuuf murtoowwan kan fudhatte. Hanga ammaatti lakkoofsa ummaataa miiliyoona 24 keeessa namootni vaayirasichaan lubbuun isaanii darbe ja'a qofa. Ministirri muummee Niiw Ziilaand Jasindaa Ardeern ammo murtee isa cimaa fudhachuun yeroo reefuu lakkoofsi namoota vayirasichaan du'ani ja'a qofa turetti sochii ugguruun biyyatti cufteetti. Ammatti lakkoofsi kun 20 qofa irra jira. Biyya Ayislaandiitti osoo namni vaayirasichaan qabame jiraachuun hinbaramiin dura ture namoota 20 fi isaan oliin wan gahuun kan dhorkame Biyyootiin yeroo weerara kanaatti haala foyya'aarra jiran kun dubatootaan hogganamuun alatti wanti isaan wal fakkeessu jira. Hundi isaanii diinagdee guddataafi seera to'annoo faayyaa gaarii qabu. Kanaaf bu'aan kun wa'ee hoggansaatimoo tarii hoggantoota isaani dubartoota ta'uu isaaniiti? 'Waa'ee yaada addaa qabaachudha' Hoggantoonni dubartootaa kun akkataan isaan itti siyaasa dalagan ga'ee guddaa qaba jedhu qeeqxonni. "Dubartoonni mala hoggaansaa dhiroota irraa adda ta'e qabani. Garuu yeroo dubatoonni aangotti dhufan murtoo kennuu irratti ilaalcha addaa ni fidu, " jechuun UNtti hoggantuun Sagantaa Dubartootaafi shamarranii Dr Giitaa Rawoo BBCtti himaniiru. Ilaalcha dhiraafi dubartii lamaanuu waan qabattuuf murtoo fooyya'aa akka qabaattu si taasisa," jetti. Pirezidaantiin Taayiwaan Saay Ingi Ween aanga'ootaafi loltoota isaanii waliin Kolleejii Kings Landanitti Direektarri damee hoggaansa dubartoota Rozii Kampibeell 'maalootni hoggaansaa dhiiraa fi durbaaf jedhame kan uumamaan hin kennamne," jetti. "Garuu akkaata hawaasa keessatti barren dubartoonni hoggaansa irra ta'an kan namaaf yaadaniifi kan mariin hojjatan ta'uun beekamu. Dhiirootiin hedduun ammo hoggantoota ofittoo ta'aniifi morkii keessa galan ta'uun beekamu," jetti. Rakkoo siiyaasaa 'dhiirummaa agarsiisuu' Hoggaantooti siyaasaa biyyoota akka US, Biraaziil, Israa'eel fi Hungarii , yeroo baayyee yemmuu dogoggora uumanitti nama biratti qabatu, akka birooti biraa ykn ammo namooti lammii biraa 'dhukkuba nutti fidan' jedhu. 'Tiraampifi Bolsonaaroo amala ofittummaa agarsiisuuf filataniiru. Akkana ta'uun uumamaan kan dhiigaa isaanii keessa jiru miti garuu akkana ta'uuf ofii filataniiru," jetti Piroofeessar Kaampibeel. Deebiin weerara Covid-19f kenname biyyaa biyyatti korniiyaa irratti utuu hin taanee dinaagdefi guddina biyyatti irratti hundaa'uun adda addadha. Kanaaf hoggaantoonni dhiraa kan akka dhiroota Porof. Kampibeel jette hin ta'iin biyyoota isaani keessatti namootni vaayirachaan xiqqaa ta'n jiru.Hoggaanaan Kooriyaa Kibbaa Muun Jeeyin fi ministirri muummee Giriis Kayiriyakos Mitsotakiis fakkeenya ni ta'u. Giriik weerara kana keessa kan darba jirtu gorsa saayinsaawaa ta'e fudhachuufi qajeelfama walirraa fagaachuu -utuu du'i hin jiraatiin dura hordofuuni. Biyyootiin dubartiin hogganamanii garuu weerara vaayirasichaa to'achuuf rakkachaa jiran jiru. Fakkeenyaaf MM Baangilaadish Sheyik Hasiinaa biyyaa lakkoofsa uummataa guddaa qabdu keessatti hanga tokkoo weerara kan to'achuu dandeesseetti. Garuu daandeettiin qorannoo gaggeessuu biyyaattii murtaa'aa ta'e yaddoo uumeera. Akkasumas ogeessotti fayyaa biyyati hanqinni meeshalee isaan vaayirasichaa ofirraa ittisuuf fayyadamanii waan jiruuf yaddoo keessa akka jiran himu. Murteewwan ciccimmoo Weerara Covid-19 dhaabsisuuf hoggaantoonni murtee ciccimoo, kan diinagdee miidhu kan akka sochii ugguruu dursanii fudhachaa turani. Filaannoowwan kun garuu yeroo gabaabaaf rakkoo siyaasaa fiduu danda'u kanammooo 'hoggantoonni beekkamtiif hojjatan hin barbaadanii" jetti Piroof Kaampibeel. Fallaa kanaan hoggantoonni durbaartii tokko tokkoo rakkoo biyyi isaanii keessa jirtu ifummaan dubbachuun ummaata biratti fudhatamummaa argataniiru. Hoggantuun Jaramnii Anjekaa Markiil ariitiin ture Covid-19 rakkoo "baayyee guddaa ta'uu" isaa amantee kan dubbatte. Adeemsii ministirooti muumee dubaraa Noorwayii fi Deenmaakis hoggaantoota dhiraaa fallaa isaanii ta'an irraa addatti beekamtii kenneeraafi. "Murtee foyya'aa'' Akka ibsa Gamtaa Interparliamentary'tti adduunyaa irratti oggeeessota fayyaa keessa %70 dubartootadha, ta'us garuu bara 2018tti hoggantoota 153 filataman keessa dubatoonni 10 qofa turani. Paarlaamoota addunyaa keessaa harki tokko afuraffaan qofatu dubartooat. Dr Guptaan dubatoonni hedduun aangoo hoggansaa argachuu qabu jetti. Kun dandeetti murtoo murteessuu ni foyyeessa jetti. "Murteewwan kutaalee hawaasaa gariinuuf hin tanee hundaaf fayyadan gochuun si barbaachisa." "Sababa dubratii ta'aniif hoggantonni kun ga'eefi itti gaffaatamuumaa isaaniif hawaasa keessatti keenaameen jireenya isaanii keessatti shakala akkanaa ni qabaatu. Kanaaf dandeettii murtee murteessuufi ilaalcha isaanii keessatti shakallii ga'ee qabaachuu mala," Jetti. Dabalataan Dr Guptaan yeroo kanatti dhibbaa hawaasaa fi dinagdee Covid -19 dubatootaafi dhiroota irratti fidaa jiru akkeekkachiifteetti. Haleellaan maatii keessaa, beelliifi wal qixxummaa dhabuun miindaa koorniyaa jira jetti. "Gara boodaatti mucuchaachaa jirra," jetti. "Yoo murteewwaan weerara kanaaf fudhannuu wantoota kana ilaalcha keessa hin galchu ta'e, rakkooleen duraan qabnu daran guddachaa deemuu malu."
oduu-41331102
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41331102
Yugaandaatti jireenya akka haaraatti eegaluun maal fakkaataa?
Yugaandaan biyyoota addunyaa kami iyyu caalaa waggaa darbee keessa baqattoota baayyee simatte dha.
Dubartoota Kibba Suudaan hiriiruun lafa isaaniif kennamu yeroo eegatan Isheenis baqattootaaf lafa mataa saanii irra boqatan kennuudhaan biyyoota addunyaa baqattootaaf imaamata baayyee gaarii qabdu keessaa tokko taatee jirti. Garuu, meenchaa (gajaraa) qofaan attamiin lafa bosonaa gara mana jireenyaatti geedaru dandeessa? Namichi jakeetaa samii uffate tokkos dhaabatee galmeessa irraa: sadii, afur, shan, ja'a, torba ... jechuun lakkoobsaa dubbisa. Dubartoonni baayeennis mucaa saanii dugdatta baatanii kun ammoo meeshaa baatanii toora galuun hiriiraniiru. Biyya Yugaandaatti lafati baqatootaaf kennamu kana fakkaata Dubartoota toora galanin jiran keessaa gara ishee dura dhaabbattuu ilaaluun: ''Kun lafa keeti,'' itiin jedhe. Gara fuulduraatti hanga meetera 50 deemuunis dangaa lafa kennameef itti agarsiise. Imaammanni Yugaandaan baqatoota simachuuf qabdu hojiitti yoo hiikamu kana fakkaata. Kunis bakka qubsuma baqatootaa miliyoona tokko ol irra qubatan keessa isa tokko. Bakki kun Kaaba biyyattii Yugaandaa gara Dhihaa keessatti kan argamu yeroo ta'u, namoota kunneenis Sudaan Kibba biyya waraanan bututteetii baqatanii kan dhufaniidha. Imammanni biyyattii baqataaf gaarii ta'uu isaatti adduunyaa irratti kan beekamte Yugaandaa, baqattoota haara dhufaniif illee lafa arjumaadhaan kenniti. Akka of danda'un jiraatanis ni jajjabeessiti. Dhaabbilee gargaarsaa sanyii minaanii kan facaafatan ni kennuuf. Muraasni isaani ammoo re'ee fudhatanii horsiisu. Haa ta'u malee hojiin jalqabaa mana ijaarachuudha. Akkamiin mana ijaarachuun danda'amaa? Tarii dubartoonni caalaa kanaaf waan yaadda'an natti fakkaata. Mukka dhaabbataa muraasa fi quncee ittiin hidhanii wajjin laastikii furdaa tokkotu kennamaaf. Bakka kanatti mana ijaaruuf wantoonnni si barbaachisan kanuma. Gajaraan tokkoos ni kennama. Kunis bakka manni irratti ijaaratuu fi bakka qonnaaf ta'u dura daggala irra akka cirtuufiidha. Dubartoonni warri hafan achitti ishee dhiisuun akkuma hiriranitti gara gaaraatti ol deeman. Xiqqoo akka ol deemaaniin ammas ni dhaabbatan. Amma ammo darabeen kan Josphiin Foonyi tur,. Dargageetti mucaa qabduu fi abba manaan irra hinjirree dha. Isheenis namicha galmee baaatu kanaan dursamuun gara daggala yoo galan, metera 3 caalag fageesu arguu hindandeenye. Iji ishee ji'a sadi dura baqafate waan ta'eef amma ille siritti hinfayyine. Joosefiin lafati kenname kana Baqatoonni rakkinna addaatiif saaxilamuun mana ijaaruu rakkataniif deeggarsi ni godhamaaf. Haa ta'u malee, Joosefiin madaalli kana yoo guuttu yaa dhiiftu ifatti hin beekamne. Naannoo ishee yeroo ilaaltu daggala guddaatu duuba ishee jira. ''Halkan har'aa as jalattan dabarsa,'' jete . Joosfiin lafa kenameef eegalte Aanaan Yumbee jedhamtu irraa kilometera 30 fagaate bakka argamu kanatti, carraan egeree Joosefiin maal akka ta'un tilmaamu jalqabe. Qubsumi Bidi Bidii jedhamu kun qubsuma baqatoota guddicha aduunyaa fi kan biyya Yugaandaa kaabaatti argamu dha. Wayita ammaattis baqatoota 275,000 ta'an keessa jiraatu. Qubsummi kun kan baname waggaa tokko qofa yeroo ta'u, innis bosoona keessatti argama. Manneen achitti hojjetaman irri caalaan isaanii laastikii haa ta'an malee, yeroo gabaabaa akkanaa keessatti namoonni cimanii mana suphee fi citaa irraa bareechani ijaaruu danda'uun isaanii jijiirama guddaa fi kan nama ajaa'ibsiisuudha. Ganda tokko keessatti - zoonii fi gooxiidhaan qinda'aa - jeti shamarreen waggaa tokko dura gara Yugaandaa dhaqxe, Kiristiinaa Ayishaa. Kiristiin fi mana isheen ofiin ijaarate Lafa ishee fi mana ofii ijaartee natti agarsiiste. Maallaqa ittiin baaxii hojjetan argachuuf, mucaa warra hinqabne tokko ofitti fudhachuu gargaarsa addaa argatti. Kanaafan Meersii jedhee mogaase jetti. Kunis ijoolleen guddisu gara torbaatti ol gudise. kiristiin fi mucaa gargaaruuf fudhatee Meersii jettee mogaaftee wajjin Gara baqattoota amma dhufanitti mana Joosefiin irra yoon gara meetrii dhibbota tokkoo caalaa ol deebii'uun - imala baay'ee dadhabsiisaa hiriyootaa fi ollaa wajjin gochuudhaan Suudaan Kibbaa irraa gara Yugaandaatti kan baqatee dhufte Roose Aabbuu argadhe. Isheenis ''Filmaata biraa hinqabu,'' jechuun naaf deebiifte. ''Abaa manaa koo narra ajjefamera. Amma qofaa koo asi jira. Suuta, suutan jedhee hamma naaf danda'ameetti nan yaala ,'' jetti.
45252603
https://www.bbc.com/afaanoromoo/45252603
Pirimiyer Liigii: Taphattoota ciccimoo 11 torbee kanaa
Shaampiyoonaan Pirimiyer liigii bara darbe Manchistar Siitiin galchii jahaaf tokkoon Hadersfiild yoo injifatu. Maanchistar Yunaayitid galchii 3fi 2'n Biraayitaniin injifatameera.
Taphni masaanuwwan lamaan magaalaa Landan Cheelsiifi Arsenaal galchii 3fi 2'n injifannoo Cheelsiin goolabameera. Totenham 3fi1n Fulhaam, Everton 2fi1'n Saawuzaampitan, Boornimaawuz 2fi 1'n Weestihaam, Waatfoord 3fi1'n Barnilee, Leesistar 2fi1'n Wolves yoo injifatan Kardiif Siitiifi Niiwukaasil galchii malee qixxee bahaniiru. Maarree taphoota kanarratti taphattoonni ciccimoo milkaa'ina garee isaaniif gumaachan eenyu fa'i? Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Gaarz Kiruuks taphattoota 11 filate garee cimaa torban kanaa dhaabee jira. Gooli eegaa Joordaan Piikfoord Evartan irraa filatameera. Tapha Evartan Saawuzaampitan waliin taphate irratti kubbaan Joordan, Daanii Iingis jalaa qabe ajaa'iba turte jedha Gaarz Kiruuks. Sarara ittisaaf Sheen Dafii biraayitan irraa, Istiiv Kuuk Bornimaawuz irraa akkasumas Benjaamiin Mendii Manchistar Siitii irraa filatamaniiru. Sheen Daafii injifannoo Biraayitan Manchistar Yuunaayitid irratti goonfateef lafee dugdaa ture. Istiiv Kuuk shoora sarara ittisaa irratti qabuun dabalataan goolii tokko Boornimaawuz Weestihaam Ittiin mo'ate galchuun qalbii Gaarz Kiruuks hawwateera. Benjaamin Mendii ammo Sarjiyoo Aguweeroo galchii hedduu akka galchu tumseera. Sarara jidduuf Gaayilfi Siigardisan Evartan irraa, Deeviid Siilvaa Manchistar Siitii irraa, Jeems Maadisan Leesistar irraa, akkasumas Maarkos Aloonsoo Cheelsii irraa filatamaniiru. Markos Aloonsoo Cheelsiin Arsenaal akka injifatu shoora guddaa taphateera jechuun Gaarz Kiruuksiin leellifameera. Sarara Fuulduraaf Kaalam Wiilsan Boornimaawuz irraa, Serjiyoo Aguweeroo Manchistar Siitii irraa akkasumas Haarii Keen Totenihaam irraa filatamaniiru. Aguweeroon miilana Siitiif haatiriikii 13ffaa isaa galmeessise. Haarii keenis ongee galchii baatii kana keessa isa mudaterraa dandamatee Totenhamiif galchuutti deebi'ee jira. Kana booda deeggartoonni Totenham waan yaadda'aniif hin qaban jedha Gaarz Kiruuks.
oduu-45911017
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45911017
Biyyoota Arabaa sadii lammiileen Itoophiyaa dhaqanii hojjechuu danda'an
Biyyoonni hojjettonni manaa Itoophiyaa karaa seera hordofeen qaxaramanii itti hojjechuu danda'an sadii qofaa akka ta'an himame.
Biyyoonni sadeen kunniinis mootummaa waliin waliigaltee qabu jedhameera. Odeeffannoo BBC'n argaten biyyoonni sadeen kuni Saa'udii Arabiyaa, Qataar fi Jordaan qofa waliin waligaltee waliini mallattaa'u isaa Ministirri Muummee Itti-aanaa Dammaqa Mokonniin xalayaa barreessanin beeksisaniiru. Biyyoota Baha Giddugaleessaa eeraman alatti karaa adda addaan hojiif imaluun seeraan ala akka ta'eefi qaamoleen mootummaa dhimmichi isaan ilaallatu hordoffii taasisuun akka tarkaanfii fudhatan ibsameera. Xalayaan Ministirri Muummee Itti-aanaa barreessan irratti poolisiin federaalaa, Odeeffannoon Biyyaalessaa fi Tajaajilli Tikaa, Abbaataayitaa Sivil Aviyeeshiniifi Daandiin Qilleensa Itoophiyaa to'annoo akka taasisan hubachisa. Xalayaan kuni Ministeera Dhimma Alaafi Ministeera Dhimma Hawaasummaatti galagalcha ta'eera. Biyyoota waliigaltee waliini mootummaan waliin hintaasisne waliin hojjettonni akka hin ergamne dhaabbileen kuni akka hordofan itti-gaafatamummaan kennameeraaf. Labsiin hojjettoota biyya alaa haaraa bahe hojjettoonni kan isaan adeemani hojjechuu danda'an Itoophiyaafi biyya Itophiyaa waliin waligaltee raawwate qofaa waliin akka ta'e kaa'a. Sababa kanaanis, biyyoota Arabaa Baha Giddugaleessaatti lammiileen dhaqani akka hin hojjenne dhorku Fulbaana 30, bara 2011 ka'un isaa ni yaadatama. Lammiileen garuu biyyoota waligalteen waliini itit hin taasifamne kan akka Kuweet, Baahireen, Biyyoota Arabaa Gamtoomanii, akkasumas Libanoosiitti daawwannaa, daldalaafi gosa Vizaa garaagaraan biyyaa baha akka jiran ibsameera. Xalayaan barraa'e lammiileen karaa seeraan alaa dhaquun mirgi isaanii dhiibamaa, kaffaltii malee hojjechuu, gidiraa fi du'aaf akka saaxilamaa jiran eera. Haaluma kanaanis, namoonniifi eejansiiwwan dhimma kana keessaa harka qaban akka qusatan Ministirri Muummee Itti-aanaa Dammaqa Mokonnin xalayaa isaaniin hubachiisaniiru. Waggaa afur dura mootummaan Sa'uudii lammiilee kuma 150 oli eeyyama jireenyaafi hojii hinqabne ari'uu isaa hordofee mootummaan imala hojii Baha Giddugaleessaa dhorkee ture. Labsiin bobbii hojii bara 923/2008 biyya alaatti dhaqanii hojjechuuf wantoota guutamu malu taa'eera. Haaluma kanaanis, hojjettoonni yoo xiqqaate kutaa saddeet kan xumuran, raga hojii hojjechuuf deemanif leenjii giddugala teknikaa fi ogummaa irraa waraqaa raga qabaachuu isaaniifi akkasumas waligalteen hojii Ministeera Dhimmoota Hawaasummaa jiraachuut Kanaan ala bobbin hojii taasifamu seeraan ala ta'u labsiin suni lafa kaa'a.
oduu-52834317
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52834317
Viidiyoon poolisii Indiyaa nama bade maatiitti deebise
Vidiyoon miidiyaa hawasummaa TikTok irratti namootni akka wal gargaaran jajjabeessuuf ba’e haala hin yaadamneen nama bade tureefi maatiisaa walitti deebise.
R Venkateshiwarlu ilmasaafi poolisii waliin Waggoota lamaaf badee kan ture R. Venkateshiwarlu, 2000km mana isaa Telanganaa irraa fagaatee viidiyoo riqicha jalatti waraabame irratti argame. Hiriyyaan tokko maatii isaanitti erga himee booda isaan ammoo poolisii bulchiinsa Punjaab qunnamuun akka isaan walitti fidaniif gargaarsa gaafatan. “Yeroon jalqaba isa arge nan boo’e,” jechuun ilmi isaa BBCtti himeera. Akkamiin manaa bade? Rakkoo dhageettiifi haasa’uu kan qabu R Venkateshiwarlu, bara isaa guutuu ganda Bulchinsa Telangana jirtu keessa jiraate. Hojii humnaa kan hojjetu R, hadha warraafi ijoolle shan qaba. Ebla 2018, ganda biraa deemee hojjachuuf konkolaataan imaluu eegale. “Abbaankoo imalacharratti hiribbi isa fudhate, konkolaachisaan ammo akkani jiruyyu hin beekne ture. Kiloomeetiraa hedduu booda konkolaachisaan kun abbaankoo jiraachuu isa yeroo hubate daandii qixxalamaanitti isa busee achitti dhiiseenii deeme, “ jechun ilmi isaa R Peddiraaju BBCtti himeera. Daandii hin beeknerra qofaa kan ture Obbo Venkateshiwarlu konkolaataa kadhatee gara manaatti deebi’uuf abdatee, boodarra konkolataa tokkorra yaabatte daandii eegale. Sa’aatii dheeraa booda garuu konkolaataan kun daandii faallaa manasaarra imalaa akka jiru hubate. Konkolaachisaan sun magalaa daldalaa bulchiinsa Punjaab, Ludiyaana jedhamutti isa buuse. Ilmi isaa Obbo Peddiraaju gargaarsa poolisi naannoo isaanin isa argachuuf kan barbaada turan ta’us akka hin milkoofne hima. Akkamiin argame? Carraa hin yaadamneen ture. Weerara Covid-19 hir’isuuf jecha erga Indiyaan sochii uggurtee booda, qondaalli poolisii Punjaab, Ajayib Siing magaala Ludiyaanaa keessa deemuun harka qaleeyyiifi hojjatoota godaantootaaf nyaataafi meeshaalee barbaachisuu gumaacha. Midiyaa hawaasummaa TikTok jedhamu irratti, hordoftootaa 800,000 ol kan qabu Ajayib, vidiyoolee hojii gargaarsaa yeroo sochiin uggurametti taasisu ni maxxansa. Vidiyoo Bitootessa maxxanse tokko irratti, Obbo Siing Ludiyaanaatti riqicha tokko jalatti namootaaf yeroo nyaata hiru ni argama. Kiloomeetira kumaatama fagaatee Telangaanaa keessatti hiriyyaan Obbo Peddiraaju viidiyoo kana ilaala ture Obbo Venkateshiwarlu yeroo argu yaadateeni maatii isaa beeksise. Isaanis poolisii Ludiyaanaa qunnamanii, poolisiinis Obbo Venkateshiwarlu barbaade argachuun ilma isaa waliin bilbila viidiyoon akka wal qunnaman taasise. “Yeroo jalqaba wal agarree lamaan keenyayyu boo’uu eeggale. Kottuu manatti na fudhadhu jedhe na gaafate,” jedha ilmi isaa. Poolisiin yeroo qajeelfamni sochii ugguruu dhaabbatu deemee abbaa isaa akka arguuf gorsani. “Nuti garuu hanga sanatti obsuu hin dandeenye kanaaf bulchiinsa tokko gara biraatti imalu akkan danda’uuf eeyyaman argadhe,” jedha Obbo Peddiraaju Torban tokko booda abbaa isaa poolisii bira ture waliin Ludiyaanaatti wal argatani.
oduu-52088353
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52088353
Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 23 gahe - Abiy Ahimad
Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 23 gahuu isaa MM Abiy Ahimad himan.
Namoota 800 oliif qorannoon vaayirasichaa akka taasifameefi kanneen keessaa namoonni 23 ta'an vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee jira jedhan. Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa lakkoofsi namoota hanga Dilbataatti vaayirasichaan qabamanii 21 jedhee ture. Namootni dabalataa lama vaayirasichaan qabaman ilaalchisee MM Abiy waan dubbatan hin qaban. Sadarkaa addunyaatti weerara vaayirasichaa to'achuun rakkisaa ta'ee akka jiru kan himan MM Abiy, biyyoonni weerara vaayirasichaa xiqqeessuu danda'an warra wal tumsanii fi naamusaan hojjetanidha jedhan. Biyyoonni hawaasa naamusa qabu qabaniifi odeeffannoo itti walitti fufiinsaan kennan lammileen ofis, hawaasaa isaaniis, biyya isaaniis akka eegan taasisan miidhaa isaanirra gahuu malurraa of bararuu danda'aniiru jedhan. Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuu gabaasaaleen ni mul'isu jedhan MM Abiy ergaa viidiiyoon karaa fuula 'Facebook' isaanii dabarsaniin. Magaalota adda addaa keessatti namni walirraa hiiquu dhiisuufi qajeelfamoota kennaman hojiirra oolchuu dhabuun rakkoo ta'ee itti fufuu himaniiru. Halaa kanaa rakkoon kanaa oli yoo mudate akkamiin to'achuun akka danda'amu gaaffii namoota hedduuti jedhan. "Karaan vaayirasii kana ittiin injifatan tokkichi naamusaan of injifachuu, fageenya ofii eeggachuu, qulqullina ofii eeguu fi tuttuqaa irraa hanga danda'ame of fageessuu waan ta'eef lammileen hundi kana miira itti gaafatamummaa olaanaan akka hojiirra oolchaniifi Itoophiyaa balaa guddaa ishee mudachuu malurraa eeguu akka dandeenyu garraamummaa guddaanan gaafadha" Namoota sochii sadarkaa biyyaalessaatti vaayirasicha ittisuuf taasifamaa jiruuf tumsa gochaa jiran galateeffatanii jiru. Karaan tokkichi ittiin koronaavaayirasii ittisuun danda'amu 'ida'amuufi naamusaan socho'uu' qofadha jedhan.
oduu-41494955
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41494955
Ripoortarri Zimbaaabwee odeessa 'uffata jalaa Girees Mugaabeetiif' qabame
Gaazexeessaan Zimbaabwee odeessa uffanni jalaa moofaan maqaa giiftii duree Girees Mugaabeetiin deeggartoota paartii Zanu-FP f raabsameera jeechuun qabamuu, abbootiin seeraa isaa dubbatan.
Girees Mugaabeen haadha manaa lammaffaa Pireezidaant Robarti Mugaabeeti Akka abbaan seeraa jedheetti, rippoortara NewsDay kan ta'e Keneet Niyaagaan himannaa 'yakka maqaa balleessaa' tiin himatamuunsaa hinollu. Uffata jalaa sana kan raabse Miseensa paarlaamaa paartii Zanu-FP Esaawu Mupfumii yoo ta'u, ripportarichi garuu Haadha warraa Mugaabetu kenne jechuun gabaase. Waa'ee hidhamuu ripportarichaa ilaalchisee wanti gama qondaaltootaatiin jedhame hin jiru. Rippoortarri gaazexichaas, kan komii dhiyeesse miseensa paarlaamaa ta'e giiftii duree, dhimmichi ifaa ifa hinturreedha jedheera. Poolisiin Mr Nyaangaan kan qabe Wiixata galgala magaalaa Mutaaree gama bahaa keessatti ture. Innis odeessa waa'ee kennaa uffannaa jalaa moofaa irratti gabaasa dhiheessuu isaatiin akka qabame, Abbootiin Seeraa Zimbaabwee Mirga Namoomaaf ibsa keessatti kaa'aniiru. Kana duras gaazeexaan dhuunfaa kun Obbo Mupfumi deeggartoota Zanu-PF naannoo Mutaareetiif uffata keennan jechuun gabaasee ture. ''Ani Giiftii Duree Girees Mugaabee argadheen ture. Uffanni kun kan naaf keenname, akkan deebisee isinii keennufi. Uffannaa gabaabaas isiiniif fideera. Akka uffannaan keessan kan jalaa gaarii hintaane waanan dhagaheefiidha. Maaloo koottaatii gahee keessan fudhadhaa,'' Obbo Mupfumi jechusaatiin caqasamaniiru. Itti dabaluunis "Uffata alkanii, kophee fi hucuu qabnaatii koottaa fudhadhaa. Kunis giiftii duree keessan Girees Mugaabetiin isiin ergame." Akka gabaasaan Ajaansi Firaans Pirees jedhutti, haalli diinagdee Zimbaabwee keessaa namoonni baayyeen uffannaa moofaa akka bitatan dirqisiiseera. Aaddee Girees yammuu Hagayya darbee keessa hoteela Afrikaa Kibbaa bakka ijoolleen dhiiraa ishee keessa boqatanitti, intala modeelii hubusheetiif xiyyeeffannaa midiyaalee taatee turte. Isheen garuu dogogoora hojjachuushee haaltee jirti.
oduu-53379572
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53379572
Koronaavaayiras: Doonaald Tiraamp dhumarratti ummata fuulduratti maaskii godhatan
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp eega weerarri koronaavaayiras mudatee as yeroo jalqabaaf ummata fuuldura maaskii godhatan.
"Maaskii kaawwachuun waan gariidha jedheen yaada'' jedhan pirezidaantichi Pirezidaantichi hospitaala waraanaa Waaltar Reed kan Waashingitaniin alatti argamu daawwataa turan. Isaanis loltoota madaa’anii fi ogeeyyii fayyaa waliin wal wal arganiiru. “Maaskii godhachuun rakkoo hin qabu, ta’us garuu bakkaa fi yeroo mataasaa qaba jedhee amana,” jedhan yeroo Waayit Haawusii bahan. Pireezidaantichi asiin dura maaskii hin godhadhu jedhanii kan turan yoo ta’u, morkataasaanii kan warra Dimookiraatotaa kan ta’an Joo Baayideen maaskii godhachuusaaniitti qoosanii turan. Kaleessa akkas jedhan: “Hospitaala keessatti keessumaayyuu yeroo namoota hedduu fi loltootatti haasoftu maaskii godhachuun gaariidha jedhee yaada.” Donaald Tiraamp torbee darbe yeroo 'Fox Business Network’tti dubbatan: “Maaskiin na waliin ni deema”, jedhanii turan. Giddugalli Ittisa Dhibee US (CDC) ji’a Ebla keessa tatamsa’inna vaayirasichaa ittisuuf bakka namoonni itti baay’atanitti maaskii godhachuun gaariidha jedhus pirezidaanti Tiraamp garuu tarkaanfii kana hojiirra akka hin oolchine dubbataniiru. “Waan godhadhu natti hin fakkaatu,” jedhanii turan yeroo sattis. “Yeroon pirezidaantota, Ministaroota Muummee, abbootii hirree, mootota, giiftiiwwan naga gaafadhu maaskii godhachuu? – Natti hin mul’anne,” jedhanii turan. Midiyaalee tokko tokkoos gargaartoonni isaa yoo xinnaate al tokkicha ummata fuulduratti akka maaskii uffatuu gaafataa turan. Haalli ammatti US keessa jiru maal fakkaata? Sa’aatii 24 darbanitti biyyattiitti namoonni 66,528 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru. Eega weerarri koronaavaayiras eegalee kaasee namoonni 135,000’tti siiqan du’aniiru jedha gabaasni Yuunivarsiitii Joons Hoopkiinsi. Luuziyaanaan naannoo yeroo dhihotti ummata fuulduratti maaskii godhachuu ajajje taateetti. Bulchaan Luuziyaanaa kan warra Dimookiraatotaa ta’an manneen dhugaatii akka cufaman ajajaniiru. Manneen nyaataattis maamiltoonni keessa seenanii tajaajila akka hin arganneef ajaja jabaa dabarsaniiru. Tarkaanfiiwwan kunneenis guyyaa Wiixataarraa hojiirra ni oolfamu. Teeksaas keessatti guyyaa kaleessaa namoonni haaraa 10,500 koronaavaayirasiidhaan qabamaniiru.
oduu-41484613
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41484613
Ajjeechaan Laas Veegaas gocha shororkii jedhamee maaliif waamamuu hafe?
Qondaaltonni Ameerikaa ajjeechaa nama umurii 64 Isteefan Paadook namoota 59 irratti raawwate gocha shororkii jedhanii akka hin waamne dafanii beeksisan.
Kaayyoon Paadook maal akka turee fi meeshaa akkamii akka fayyadame ifaa ta'uu baatus, yoo xiqqaate qawwee 10 kutaa keessaa qaba ture jechuun poolisiin ni dubbata Garuu namoonni baay'een; ajjeechaa akkasii seenaa Ameerikaa ammayyaa keessatti raawwatamee hin beekne akkamiin shororkeessummaadha jedhamee hin waamamu? jechuun gaafatu. Namoonni gariin ammoo miidiyaa haawaasaarratti Paadook shororkeessaa jedhamuu mannaa, 'nama namaan adda ba'e' yookaan salphumatti 'namicha abbaa qawwee' maaliif jedhame jechuun qeeqaa jiru. Warri kaanis dhimmicha siyaasaafi amantaadhaan wal-qabsiisanii jiru. Shororkeessaa kan jedhamu musliima yookaan gurraacha yoo ta'e qofaadha jechuun. Hiikkaan Shororkeessummaa maalidharee? Hiikkoowwan hedduun bu'aa osoo hin taane, kaayyoo haleellaan sun itti raawwatame irratti xiyyeeffatu. Seerri Federaalaa Ameerikaa shororkeessummaa yoo hiiku 'Kaayyoo siyaasaa/hawaasummaaf, mootummaa yookaan namoota nagaa yookaan qaama kamiyyuu burjaajessuuf humnaa fi jeequmsa seeraan alaa fayyadamuu' jedha. Egaan, ajjeechaa suukanneessaa namni kun raawwaterra; kaayyoo isaatu ilaalama jechuu dha. 'Yeroo sanatti maal yaadaa akka ture beekuu hun dandeenyu,' jechuun dursaan poolisii Laas Veegaas Jooseef Laambaardoo Wixata dubbatan. Bakka bu'aan Biiroo Qorannoowwan Federaalaa (FBI) Aaroon Ruus gama isaaniitiin eejensiin isaanii walitti dhufeenya namni kuniif gareewwan shororkii idil adduunyaa qaban hin argine jedhaniiru. Bu'uura kanaan, Paadook shororkeessaa jedhamee hin waamamu. 'akkuma kophaa jiraatu ture' jechuun ollaan Paadook dubbata Haa ta'u malee; kan Neevaadaa (kutaa biyyaa Laas Veegaas itti argamtu) hiikkaa seera federaalaatiin adda. Shororkeessummaan; 'gochaa shira, humna yookaan jeequmsa fayyadamuun namoota irratti miidhaa qaamaa yookaan du'a hawaasa waliigalaa irratti qaqqabsiisuu dha' jedha. Kun ammoo balaa kanarratti waan sirriitti mullatudha. Namoonni siyaasaa paartiilee Riippabliikaanaa fi Deemookraatonni tokko tokko, gocha shororkeessummaa jechuurra darbanii Paadookiin 'shororkeessaa biyya keessaa' jechuun waamaniiru, 'biyya keessas' ta'e kan alaa adda addummaa qabaachuu baatus. BBC'n jecha kanatti fayyadamuuf baay'ee of eega. Seerri ittiin bulmaataa dhaabbatichaa; 'shororkeessummaan siyaasaan walqabatee waan raawwatamu dha' jedha. Jecha 'shororkeessummaa' jedhu eeruu qaama tokkoo malee fayyadamuu dhiisuuf ni yaala. Itti gaafatamummaan keenya waan qabatamaa ta'e hordoftoonni keenya ilaalcha mataasaanii akka godhatan taasisuun eenyu eenyurratti maal hojjechaa akka jiru gabaasuudha.
oduu-48684880
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48684880
Komaand Poostiin Kantiibaa magaalaa Naqamtee dabalatee hoggantoota torba to'ate
Kantiibaa magaalaa Naqamtee Obbo Boggaala Shumaa dabalatee hoggantoonni torba komaand postii nageenya bakkichaa hordofaa jirun to'annoo jala oolan.
Kanneen to'ataman keessaa qondaaltonni ODP keessa jiru Itti gaafatamaan Koominikeeshinii magaalaa Naqamtee Obbo Fayyisaa Birhaanuu BBC'tti akka himanitti, hoggantoonni kuni hunduu dheengadda [Wiixata ganama] to'ataman. ''Shakkiima waan adda addaa waliin wal qabate mootummaan haala jiru qulqulleeffachuuf jecha yeroodhaaf akka to'ataman ta'e jira,'' jedhaniiru. Sababa itti to'ataman irratti wanti bira gahame hin jiru kan jedhan Obbo Fayyisaan, qondaaltonni dhaaba ODP illee to'atamu himaniiru. ''Isaan [kantiibaa] alatti koreen kaabinee magaalaa nama sadiifi paartii ODP keessa hojjetan yeroodhaaf to'annoo seeraa jala oolaniiru.'' Yeroo ammaa qorannoon taasifamaa akka jiruufi namoonni mana murtiitti dhihaatan akka hin jirre qondaalli magaalatti Kibxata waaree booda dubbifne kuni BBC'tti himaniiru. Kantiibaan magaalaa Naqamtee Obbo Boggaala Shuumaa waggoota lamaa olif bulchiinsa magaalatti keessa tajaajilaniiru. Kana duras Itti gaafatamaa waajjira ODP ta'uunillee hojjetani turan. Torban muraasa dura boombii magaalaa Naqamtee keessatti dhohe hordofe lubbuun taphataa kubbaa miilaa tokko darbeera. Magaalaa Naqamtee dabalate bakkeewwan Lixa Oromiyaa kaan rakkoo nageenyaan walqabate mootummaan Komaand Postiidhaan bulchaa jira.
oduu-50662989
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50662989
Korri 'Humnoota Federaalistii' fooramii hundeessuun goolabame
Korri dhaabni naannoo Tigiraay bulchaa jiru 'TPLF' mata-duree 'Heera Mootummaafi sirna federaaliizimii baraaruu' jedhuun guyyoota lamaaf Maqaleetti qopheesse xumurameera.
Dhaabbileen siyaasaa 50 ol kora kanarratti akka hirmaatan kan himame yoo ta'u, xumura kora kanaa irratti fooramii waloo hundeeffachuun kora sana goolabani. Fooramichi sirna federaalawaa sab-daneessaafi Heera Mootummaa Itoophiyaa balaaf saaxilameera jedhan baraaruuf kan waliin ittiin qabsaa'an akka ta'es xumura kora kanaa irratti himameera. Odeeffannoo kana waliin walqabatu kanneen keessaa ni argattu: 'TPLF' dabalatee paartileen siyaasaa akka Kongirasii Biyyaalessaa Oromoo Obbo Tolasaa Tasfaayeetiin durfamu kora kanarratti hirmaatan sirni federaalawaa Itoophiyaa balaaf saaxilamuu dubbatu. Bakka adda addaatti namni ajjeefamaa jiraachuu, namoonni heddumminaan qe'eerraa buqqa'aa jiraachuufi olaantummaan seeraa kabajamuu dhabuu akka sababaatti kaasu. Waggoota 27 darban sirni federaaliizimii raawwii isaatu rakkoo qaba ture, diimokiraasiin hin deeggaramne jedhu dura taa'aan Kongirasii Biyyaalessaa Oromoo Obbo Tolasaa Tasfaayee. "Kan amma dhufaa jiru kun ammoo daran gara mootummaa tokkichaa, afaan tokkichatti adeemaa jira," jedhu. Federaalizimiin yaaddoo keessa jiraa? Kora federaaliizimiifi Heera Mootummaa haa baraarru jechuun 'TPLF' qopheesse kana namoonni hedduun garuu ni qeequ. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo akka ABO fi KFO kora kanarratti akka hirmaatan afeeramanis "dhaaba ammaan dura qaama rakkoo ture waliin hariiroo tolfachuu hin feenu" jechuun irraa hafan. "Kanaan dura sirni federaaliizimii [qixaan] hojiirra akka hin oolle kan gochaa ture 'TPLF' mataa isaati," kan jedhu qorataan federaalizimii Obbo Moonenuus Hundarraa, "al takkaatti qaama rakkoos, qaama furmaataas ta'uu hin dandeessu" jedha. Ofii sirni federaaliizimii Itoophiyaa dhugaatti balaaf saaxilamee jiraa gaaffii jedhuuf Moonenuus, Itoophiyaa ijaaramni baasuu danda'u federaalizimii akka ta'e ibsuun of sirna federaalizimii dimokiraatawaa ta'e tolfachuun eeggachuu feesisa jedha. Sirni federaaliizimii Itoophiyaaf filannoo miti kan jedhu Monenuus, mootummaan Dr Abiy Ahimadiin hogganamuu sirna federaaliizimii saba bu'uura godhate irraa gara kan teessuma lafaa bu'uura godhateetti jijjiiru mala sodaa jedhu qabaachuus ni hima hayyuun federaalizimii kun. "Saboonni hedduun osoo gaaffii ofiin of bulchuu hin mirkaneeffatiin, gara bulchiinsa teessuma lafaa bu'uureeffateetti deebisuu malu kan jedhu sodaatu jira," jedha. Haata'u malee garuu sodaa jiru kanaaf korri ammaa kun furmaata fida yaada jedhu hin qabu. Wanti amma 'TPLF' gochaa jiru, "bulchiinsi amma jiru sirna tokkummaawaa durii deebisuf akka deemaa jiruutti fakkeessuun, humnoota sabboonummaa leellisan ofitti qabachuuf yaalii taasifamudha," jedha Moonenuus. 'TPLF' paartii haaraa MM Abiy Ahimad hundeessaa jiran dura dhaabbachuuf hamilee qabaachuu baatus, humnoota kaan duuba yaadaafi faayinaansiidhaan dhaabachuun qormaata ta'uu danda'a yaada jedhus qaba. "TPLF ofiin jaarmayaa siyaasaa federaaliizimiif falmu ta'uuf garuu hamilees, fudhatamas hin qabaatu," jedha.
oduu-43616002
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43616002
Buufanni Hawaa Chaayinaa Tiyaangong-1 jedhamtu Kibba Paasifikitti buute
Buufanni hawaa Chaayinaa Tiyaangong-1 jedhamtuufi baddee turte wayita deebiitee karaa Kinna Paasifikiin qilleensa naannawa lafaa seentuutti caccabde turte jedhe gabaasaaleen Chaayinaa fi Yunayaitid Isteet irraa bahan.
Buufanni hawaa Chaayinaa Tiyaangong-1 raadaariidhaan barameera Gaafa Wiixataa naannoo 00:15 GMT irratti naannawa qilleensaa (atmosphere) lafaa geesse jedhe waajjirri injinarii hawaa Chaayinaa. Tiyaangong-1 bara 2011 yaalii orbitiifi kaan akka akka qorattuf furguggifamte turte. Buufanni saatalaayitii kuni karoora Chaayinaan 2022'tti buufata hawaa namaan hojjetu yaadde keessaa tokko ta'us Bitootessa 2016'tti garuu hojii dhaabde. Qondaaltonni hawaa ''Kibba Paasifikii gararraa'' buute jedhu. Ispeeshilaastoonni Yunaayitid Isteet saatalaayitin kuni gara lafaa dhufuu ishee xiinxala Orobitiin barreerra jedhaniiru. Astironomarin Jonaataan MaakDoowel jedhamu akka tiwitarii irratti barreessetti naannoo Kaaba-Lixa Haayitii buute. Buufanni saatalaayitii kuni lafa itti buutu tilmaamuun baay'ee isaan rakkisee ture. Eejansiin hawaa Chaayinaa naannoo Saa'o Pooloo, Biraazil buuti jedhe ture. Eejansiin hawaa Awurooppaa immoo Tiyaangong-1 bishaan irratti caccabdi jedhee ture. Caccabaan saatalaayitii kanaa hangam lafa akka gahe ifa miti. Tiyaangong-1 akkuma saatalaayitoota kaanii qaamni walittI hidhame ishii ijaare orbitii keessaa yeroo ishii eeggatte bahuu danda'a ture. Haa ta'u malee, ajaja keessaa waan bahef kan tahu danda'u hin turre. Tiyaangong qaamolee hawaa ajaja malee gara atmosfeerii lafaa seenan keessaa guddaa taatus guddicha garuu miti. Tiyaangong meetira 10 kan dheerattu yoo ta'u hiikni Tiyaangong jedhus masaraa jannataa jechuudha.
oduu-49807082
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49807082
Iraan haleelamuu buufata boba'aa Sa'uudii booda himannaa irratti dhiyaate haalte
Iraan ibsa gaggeesitotni Jarman, Firansi fi UK waliin tahuun haleellaa boba'aa Sawudii Iraantu haleele jechuun baasan hin fudhanne.
Emaanu'eel Maakroon(bitaa) Booris Joonsanii fi Angeelaa Merkel teessoo Ol-aanaa UNtti yommuu mari'atan Ministirri Dhimma Alaa Iraan ''himannaa dogogoraa Ameerikaan Iraan irratti dhiyeessite sirriidha jechaa jiru'' jechuun deebisanii isaan komatan. Gaggeesitootni Awurooppaa kunneen haleellaa bakka oomisha boba'aa sawudii irratti raawwatee gartokkee oomisha boba'aa ishee cufsiise ilaalchisee kana caalaa ibsi ifaa tahe hin jiru jedhan. Haa tahu malee waliigaltee gabbisa niwukileeraa bara 2015 Iraan ilaalchisee galame akka kabajan ibsaniiru. Haleellaa Bakka oomisha Sawudii irratti raawwate kana gareen Hawutii Yemen keessa socho'anii fi Iraniin deeggaraman akka raawwatan ibsaniiru. Ta'us Iraan harka keessaa hin qabu jechaa jirti. Diroonii ykn xiyyaarota nam-maleeyyii 18 fi misaa'elootni fageenya dheeraa deeman torba bakka oomishaa fi calallii boba'aa Sawudii gaafa Fulbaana 14 haleelaan. Sawud Arabaiyaan haleellichaaf Iraan himatte. Ameerikaan ammoo loltoota hedduu gara Sawudiitti ergaa jirti. Emaanu'eel Maakroon, Booris Joonsanii fi Angeelaa Merkel kun ifadha, Iraan haleellichaaf itti gaafatamummaa isaa fudhatti jedhan. Qorannoo gaggeeffamaa jirus ni deeggara jechuun ibsa baasan. Amma Iraan marii gabbisa niwukileeraa yeroo dheeraa fi nageenya naannichaa akka simattuuf yerootu dhufe jedhan ibsa baasan keessatti. Erga Doonaaldi Tiraampi waliigaltee gabbisa niwukileeraa bara 2015 keessaa bahuun Iraan irra qoqqobbii kaa'aniin as waldhabdeen biyyoota lameenii hammaataa dhufeera. Iraan waliigaltee niwukileeraa haraatti galuu akka hin barbaadnes himaniiru. Ministirri Muummee UK pirezidaantii Iraan Hasan Ruhaani waliin mari'achs barbaadu. Ministirri Dhimma Alaa Iraan Mohaammad Jaavaad Sharif haleellaa gidduugala boba'aa Sawudii ilaalchisee waraanaan deebisuuf kan yaalamu yoo tahe takaanfii hadhaawaa of irraa deebisuu nuyis ni fudhanna jedhan.
oduu-52463244
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52463244
Baateetti haleellaa bakka gabaatti rawwatameen lubbuun namoota shanii darbe
Kibxata ar'aa Walloo godina addaa Saba Oromoo Baateetti gabaa daandii gara naannoo Affaar geessu bakka Adda Haaraa jedhamutti namoota gabaa deeman 7 rasaasaan rukutamuufi isaan keessaa 5 lubbuun darbuu bulchaan aanaa Baatee Obbo Mohaamman Abduu BBCti himan.
Namoota rasaasaan dhahaman lama gara hospitaalaa geeffamuun wallaansa argachaa jiraachuu bulchaan kun dubbataniiru. Obbo Mohaammad namoonni kunneen gabaa walakkaatti itti dhukaafamee akka ajjeefaman ibsuun, "ajjeechaan kun kan irratti raawwatameef sababa eenyummaa isaaniitiinidha. Sababii Oromoo ta'aniif qofa," jedhan. "Ar'a [Kibxata] bakka Muudee Hiinaa jedhamu gabaatu ture," kan jedhan bulchaan aanaa Baatee namoonni ajjeefaman kunneen magaalaa Baateerraa ta'uu isaanii dabaluun ibsaniiru. Hidhattoonni daldaltoota kanarratti dhukaasa banan Affaar irraa akka dhufankan dubbatan Obbo Mohaammad, konkolaataa irraa buusanii haleellaa kana akka raawwatan ibsaniiru. Sababiin ajjeechaa kanaa eenyummaa isaaniif qofa kan jedhan aanga'aan kun, yeroo ammaa kanatti walitti bu'insi rakkoo kanaaf geessisu hin jiru jechuun dubbatu. Walitti bu'insi kan ture naannoo daangaa jechuun, "gabaan sun gabaa waloodha, namni hundinuu deemee itti daldalata. Ar'a garuu kun dhalateera," jedhan. Reeffa namoota du'anii raayyaan ittisaa biyyaa seenee akka baase kan dubbatan Obbo Mohaammad sirni awwaalcha namoota ajjeefamaniis raawwatamuu addessaniiru. Haleellaa raawwatame kanaan walqabatee kan poolisiin to'annaa jala oolche jiraachuu wanta beekan akka hin qabne ibsuun, aanga'oota naannoo Affaar waliin bilbilaan dubbatanis furmaata akka hin arganne ibsaniiru. BBCn waa'ee namoota ajjeefamanii kanaa gama naannoo Affaariin odeeffannoo jiru qulqulleeffachuudhaaf irra deddebi'ee komunikeeshinii naannichaatti bilbilus argachuu hin dandeenye. Gabaa Baatee
oduu-54518185
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54518185
Paarkiin Oromiyaafi Affaar keessatti argamu, Halaaydagee Asaboot, maaliif beekamtii maluuf dhabe?
Paarkiin Halaaydagee Asaboot naannolee Oromiyaafi Affaar keessatti argama. "Paarkii Biyyaaleessa ta’uuf kan kadhimame" Halaaydagee Asaboot, Itoophiyaattis ta’e sadarkaa Afrikaatti bineeldota marartoo qabantu keessatti argama.
Bara 1960 moota keessaa eegalee eegumsi taasifamaaf kan ture paarkiin kun, sadarkaa paarkii biyyalessaatti kan hin guddatiin tureef ammoo sababa rakkoo bajaatafi bulchiinsatiin. Kanarraa kan ka'een Paarkiin kun gochawwan seeraan alaatiif saaxilameera. Halaaydagee Asaboot bal’ina lafa 1,900 km2 kan qabuufi sanyiin bineeldotaafi biqilootaa hedduun kan keessatti argaman ta’uu Itti-gaafatamaan Paarkichaa Obbo Maaqoyyaa Maammoo BBCtti himaniiru. Akka ibsa Obbo Maaqoyyaatti, Paarkicha keessatti bineeldoonni hoosiftota ta'an gosa 42, simbirroota gosa 240 oliifi biqiloota gosa 260 olitu argama. Tursitoonni dawwaachuu kan barbaadan akka Afrikaattu bineensonni baay’inaan paarkicha keessatti argamu jedha Obbo Maaqoyyaan. Bineeldonni daawwattoonni ilaaluu barbaadan, tarii sadarkaa Afrikaatti baayyinaan paarkii kana keessatti kan argaman ta'uu Itti-gaafatamaan Paarkichaa ni ibsa. Halaaydagee Asaboot daandii Finifnneeraa Harar geessurratti km280 fagaatee kan argamu yoo ta'u, bakkawwan daawwachuuf mijatoota ta'an Paarkii Awwaashirraallee fagoo hin taane qaba jedha Obbo Maaqoyyaan. Paarkichi sadarkaa biyyaalessaatti galmaa’ee bulchiinsiifi eegumsi barbaachisu akka guutamuuf gaaffii dhiyeessuunn kan jalqabe A L I bara 2006 dura ture. Haata'u malee, gaaffichi hanga ammaa deebii hin arganne. Yeroo sanatti ulaagaa hunda guutee, hawaasa naannoo paarkichaa jiraatanirraa fudhatama argatee beekamtii akka argatuuf adeemsi eegalame akka ture yaadata. Halaaydagee Asaboot waliin paarkoonni tora biroo gara paarkii biyaalessaatti guddachuuf gaaffii gaafatanillee hanga ammaa deebii hin arganne. "Gama sanada qopheessuutiin wanta nurraa eegamu mara xumurreerraqopheessineerra. Sanadichis abbaa alangaa waliigalaatiin qoratamee, foyyeeffamee yaada akka irratti kenninuuf nuuf deebifameera,’’ jedha Obbo Maaqoyyaan. Paarkiin Biyyaalessaa Yaangudiraaasaa Halaaydagee Asabootitti dhiyoo waan jiruuf Halaaydagee Asabootiin akka [guddifannaatti] of jalatti bulchaa ture. Paarkiin Biyyaalessaa Yaangudiraasaa mootummaa Federaalaa jalatti bulaa kan ture yoo t'au, naannoon Affaar ofiin bulchuuf adeemsi barbaachisan xumuramaa jira. Kun taanaan Paarkiin Halaaydagee Asaboot ammoo eegumsa dhabee qophaatti hafa yaaddoo jedhu uumeera. Eegumsa cimaa dhabuusaatiin bineensonni paarkicha keessa jiraatan seeran ala adamfamu, gochoonni seeran alaa biroos keessatti babal’achuu mala sodaa jedhus uumeera. Bineeldonni lakkoofsaan muraasa ta’aniifi baduutti dhiyaatane guutummaatti akka hin badne yaaddoo biraa uumeera. Naannoo Affarirraan bineeldota eeguurratti muuxannoon gaarii jiraachuun paarkichi akka hin badne abdii uume. Garuu adamoo seeraan alaatiin bineensonni ni baduu jedhamanii sodataman akka jiran dubbateera Obbo Maaqoyyaan. Paarkicharra balaan akka hin geenyeef deebii ariifachaatu barbaachisa jedhe Daarktarri Abbaa Taayitaa Eegumsaafi Misooma Bineeldota Bosonaa Itoophiyaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa. Paarkicha gara sadarkaa paarkii biyyalessaatti adeemsi guddisuu sababoota garaa garaatiin harkifachuu amanuun, amma garuu sadarkaa abdii qaburra jira jedhe. Paarkichi naannolee lama keessa jiraachuu isaatiin caasaa mootummaa sadarkaan jiru hirmaachisuu gaafata jedhe. Hana barbaadamusaffisaan deemuu baatus Mana Maree Ministeerotaatiin akka mirkanaa'uuf ragaleen barbaachisan walitti qabamanii qophaa'uu isaa ibseera Obbo Kumarraan. Paarkichi yeroo dheeraaf "bakka eegumsa qabu' ‘jedhamuun beekama. Sababa kanaaf eegumsaafi bulchiinsa otoo hin qabaatiin tureera. A.L.I bara 2002 eegalee garuu fayidaasaa hubachuun Yaandiraasaa jalatti akka bulu taasifame. Paarkichi turizimii kan oolun qabeenya guddaa qabaachuu himuun, bineeldi [Saalaa] jedhamu akka Afrikaatti heddumminaan kan keessatti argamudha. Bineensi kun hedduumminaan Keeniyaa, Yugaandaafi Itoophiyaatti argama. Itoophiyaa keessaa paarkii Halaadagee Asaboot keessatti argama jedha Obbo Kumarraan. Bineeldi biraan carraan sanyiin isaa baduutti dhiyaate gosti harree-diidaa paarkicha keessatti argama. Bineensonni kun paarkicha keessaa akka hin banne itti fufinsaan eeguufi fayidaa dinagdee parkicharraa argamu guddisuuf tattaffiin eegalamee ture jedhe. Paarkichi gadaamii Asaboot of keessatti hammachuusaatiin maqaa Halaadagee Asaboot jedhamuun isaa komii uume ture. Hogggantoonnis dafanii waan jijjiramaniif dhimmi paarkichaa gara sadarkaa biyyaleessaatti guddisuu harkifachuu isaa kaase Obbo Kumarraan. Manni Mare Ministeerota ammoo qooda fudhattoonni hundi irratti waliigaluu erga mirkaneessee booda beekamtii kenna. Naannolee lamaan keessatti komii ka’an ilaaluuf hawaasa naannoo mariisisuun akka barbaachise hime. Ji’oota ja'a keessatti adeemsi barbaachisaan xumuramee gaaffii beekamtiin akka kennamu gaafachuuf adeemsarra jira jedhe Obbo Kumarraa.
oduu-54198833
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54198833
Jarman: Kilabiin sababa koronaavaayirasiif jecha walirraa fageenya eegee taphate goolii 37-0n injifatame
Garee tokko irratti gooliin hanga kana baayyatu yeroo lakkaa'amu qabxii kubbaa kachoof lakkoofsifatan fakkaachuu mala.
Yookaan ammoo gareen gooliin 37 tapha daqiiqaa 90 keessatti irratti lakkaa'amu dirree hin jiranii? gaaffii jedhu kaasuu danda'a. Garuu dirree jiru. Sodaa koronaavaayirasiif jecha walirraa fageenya eeggatanii taphachuuf taphattoota hir'isanii galan. Garee kubbaa miilaa Jarman sababa koronaavaayirasiif walirraa fageenya eeggachuuf taphattoota hir'isuun taphate kun kubbaa haalaan waliif kennee taphachuu waan hin dandeenyeef goolii 37-0 injifatame Gareewwan kubbaa miila biyya Jarman Ripdolf fi SV Holdensted II Dilbata darbe morkii tapha biyya keessaaf wayita waliin taphatan Ripdolf walirraa fageenya eeggachuun taphachuuf jecha taphattoota torba qofa hiriirsuun taphate. Sababni isaammoo taphattoonni garee SV Holdensted II tapha sana dura garee biraa wajjin taphatanirratti taphattoonnisaanii nama koronaavaayirasiin qabame wajjin tuttuqqaa uumuun isaanii waan mirkanaa’eef. Kanarraa ka'uun Ripdolf taphattoota torba qofa hiriirsisee gooliiwwan 37-0n injifatameera. Gareen taphattoota Ripdolf qoratamaniiru garuu vaayirasicharraa bilisa ta’uun isaanii mirkanaa’e ture. Yaaddoo vaayirasichaaf saaximuu malla jedhu garuu hin hambisne. Gareen Ripdolf tapha kanarratti yoo hin hirmaanne Yuuroo 200 adabamu, kanaaf tapha kana hin dhiifne. Yeroo biraatti akka darbus waldaa kubbaa miilaa biyyattii gaafatanii fudhatama hin argatiin hafan. Ripdolf nama koronaavaayirasiin qabame wajjin erga tuttuqaan uumamee guyyaan 14 darbu malee vaayirasichaaf taphattoota saaxiluu mala jedhe. Kilabiin Holdensted garee taphattoosaa isaan jalqabaayyuu taphattii hin hirmaachifne, garee taphattoosaa isaan garee lammaffaa tapharratti hiriirisise. Walitti qabaan garee Ripdolf Paatrik Ristow ESPN tti akkas jedhanii dubbatan: ‘’Warri taphattoota Holdensted hin hubanne, nuti balaaf eenyumaaniyyu saaxilu hin feene,’’ jedhan. Itti -dabaluudhaan, ‘’taphattoonni koo isaan wajjjin wal’aansoo qabuu hin dhaqne, meetira lama lama, taphattoota Holdensted irraa addaan hiiqanii addaan fageenyasaanii eeggataniiru,’’ jedhan. Holdensted ofirra hin ittisu, daqiiqaa lama ykn sadii hin caalle keessatti galchiin/goolii tokkotu irratti lakkaa'ama ture jedhan. Leenjisaan Holdensted Filoriyaan Shuwatar, "sababni tapha kana nuti hin taphanneef hin jiruu," jedhanii dubbatan.
oduu-55364684
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55364684
Haleellaa saayibarii US: Dameen anniisaa guddichi US haakarootaan hatame
Jaarmiyaalee US gurguddoo tibbana haakarootaan hataman keessaa dameen anniisaa isa tokkodha.
Biiroon Sakatta'iinsaa Federaalaa(FBI) jaarmiyaalee duula haakarootaa irratti qorannoo gaggeessaa jiran keessaati Dameen anniisaa guddichi kun hatamuun yakka haakaroonni jaarmiyaalee US irratti raawwatan keessaa isa hammaataadha jedhameera. Dameen anniisaa kunis gabbisa niwukilaraa US adda durummaan kan hoogganuudha. Garuu haakaroonni kunneen hojii oomisha meeshaalee waraanaa keessa harka hin galfanne jedhe dameen kun. Haakaroonni kunneen ammaaf damee biizinasii dhaabbatichaarratti xiyyeeffatan malee siistama meeshaalee waraanaa keessa hin seenne jedhe. Jaarmiyaan teeknooloojii guddichi 'Microsoft' gamasaatiin mosaajii(software) haakarootaan akeekame siistama isaa keessatti arguu ibseera. Namoonni hedduun duula haakarootaa kana duuba Raashiyaan akka jirtu himu, isheen garuu himannaa kana haalteetti. Jaarmiyaaleen Maallaqaa fi Daldalaa US kanneen xiyeeffannoo haakarootaa ta'aniidha. Dilbata darbe dameewwan kunneen haakarootaa butamuu qondaaltonni US himanii turan. Aangoonsaanii obba'aa kan jiru Pirezidaant Doonaald Tiraamp hanga yoonaa dhimma kanarratti yaada hin kennine. Pirezidaantiin haaraa filataman Joo Baayidan gamasaaniin dhimma nageenyummaa saayibariif xiyyeeffannaa guddaa kennanii akka hojjetan ibsan. Nageenyummaa saayibariif qaamolee jajjaboo ta'ana affeerree, gatii guddaa kaffallee hojjenna jedhan. Jaarmiyaan nageenya saayibarii guddichi Ameerikaa, Cybersecurity and Infrastructure Agency (Cisa), jedhamu duula haakaroonni gaggeessaa jiran dhaabsisuun ''akkaan walxaxaa fi qormaata hedduu kan qabuudha'' jechuun akeekkachiise. Duula haakaroonni tibbana gaggeessaa jiraniin miidhaa gurguddaan qaqqabuu fi ammas sodaa hamaan akka jiru akeekkachiise jaarmiyaan kun. Haakaroonni duula kan eegalan Bitootessa darbe yoo ta'u ergasii qaamoleen dhimmi ilaallatu hojii irraa eegamu hojjechaa turan jedhe jaarmiyichi.
oduu-54857432
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54857432
Filannoo US 2020: Himannaa seeraa Tiraamp bu'aa filannoo mormuuf qopheeffatan
Joo Baayidan pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun filamuun isaanii labsameera. Pireezidant Tiraamp garuu isteetiiwwan muraasa keessatti bu'aan filannoo 'hatameera' jechuun himannaa seeraa banuuf karoorsaa jiru.
Deegartoonni pireezidantichaa Michigaan keessatti mormiirra turan Ogeessi seeraa isaani Ruudii Juliyaani Fooks Niwusitti akka himanitti, Tiraamp bu'aa filannoo kana fudhachuun sirrii miti jedhan. "Filannoon kun yoo xiqqaate isteetiiwwan sadii hanga afurii darbee hanga 10 gahuu danda'an keessatti hatamuu isaaf ragaa jabaatu jira," jedhan. "Ragaa jabaan" jedhame maal akka ta'e himuu baatanis, isteetiiwwan muraasa keessatti Wiixata irraa eegalee himannaa banuuf akka jiran himan. Amma dura wanta beeknu: Peensilvaaniyaa Ogeessi seeraa Ruudii Jiliyaanii akka jedhanitti himata isteetii kanatti banaman keessaa tokko wayita sagaleen lakkaa'amu taajjabdoonni hordofuuf hiree dhabuudha. Taajjabdoonni kunneen iftoominaaf jecha wayita sagaleen lakkaa'amu hordofu. Guyyaa filannoon dura kanneen galmaa'an hundi dhorkamuu akka hin qabne tumameera. Iddoowwan tokko tokkotti sababa weerara koronaavaayirasiin dhorkaawwan tokko tokko kaa'amanii turan. Ogeessi seeraa Tiraamp Ruudii Juliyaanii, Filaadeelfiyaatti Sanbata ibsa kennanii turan Dhorkaawwan kana keessaa tokko taajjabdoonni iddoo itti sagaleen lakkaa'amurraa faana 20 ykn meetira 6 akka fagaatan kan jedhu yoo ta'u, iyyata taasifameen manni murtii gara faana 6 ykn meetira lamaatti akka gadi siqu ajaje. Ajaji mana murtii kun hojiirra hin oolle jedha gareen duula na filadhaa Tiraamp qindeessu. "Manni murtii taajjabdoonni rippabliikaanotaa faana jaha itti siqanii wayita sagaleen lakkaa'amu akka hordofan ajajullee, isaan garuu faana jaha dabalataa irraa fageessan," jedhan ogeessi seeraa Ruudiin. Taajjabduun filannoo wayita adeemsa sagalee lakkaa'uu hordoftu Qondaalonni filannoo raawwachiisan garuu sirnaan hojjechaa akka turan himu. Himati biraa Peensilvaaniyaatti banamu, sagalee guyyaa filannoo poostaan ergaman garuu guyyoota sadi booda iddoo itti lakkaa'amu gahan lakkaa'uuf isteetichi murteessuu isaati. Rippablikaanonni kuni sirrii akka hin taane mormu. Himanni kun falmii kaasuu malus garuu sagaleen akka kanaan lakkaa'aman hedduu ta'uu dhabuun, bu'aa filannichaa irratti jijjiirama fiduu dhiisuu danda'a jedhu xiinxaltoonni. Michigaan Bara 2016 Tiraamp garaagarummaa xiqqaan ture isteetii kanarratti kan injifatan - bara kana Joo Baayidan injifataniiru. Sadaasa 04 Tiraamp isteetii kanatti sagalee lakkaa'uun akka dhaabbatu himata bananii turan, kunis adeemsa sagalee lakkaa'uu hordofuuf nuuf hin aanjofne sababa jedhuuni. Manni murtii adeemsa sagalee lakkaa'uu hordofuuf haalli hin aanjofne hin jiru jechuun himata sana kuffise. Wiiskoonsin Gareen duula na filadhaa Tiraamp qindeessu kutaa biyyaa kanatti 'rakkoolee adeemsa filannoo irratti mudatan' jedhe eeruun sagaleen irra deebiin akka lakkaa'amu gaafatee ture. Kuni himata banuu hin barbaachisu. Isteetii bu'aan filannoo walitti dhiyoo ta'etti irra deebiin akka lakkaa'amu gaafatamnaan seerri dhorku hin jiru. Haa ta'u malee yoom irra deebi'amee akka lakkaa'amu wanti beekame hin jiru. Sagalee irra deebi'anii lakkaa'uun amma duras waanuma baratamaadha, garuu bu'aan filannoo sababa irra deebiin lakkaa'amuutiin jijjiiramee hin beeku. Bara 2016 Wiiskoonsin keessatti sagaleen irra deebiin lakkaa'amee garaagarummaan argame sagalee 100 kan ta'u qofa ture. Nevaadaa Paartiin Rippablikaan Nevaadaa "namoonni erga Nevaadaa keessaa bahanii turan kumaatamaan lakkaa'aman seera cabsuun achitti sagalee kennaniiru," jechuun tiwiitarii irratti barreesse. Maqaa namoota kanneeniis tarreessee jira gareen seeraa pireezidant Tiraamp. Namoonni guyyaa filannoo guyyoota 30 dursanii achii bahan deebi'anii achitti filachuu ni danda'u. Barattoonni Nevaadaa irraa ta'an bakka biraatti barumsarra jiranillee achitti filachuuf mirga qabu. Iddoon himatni kun iratti xiyyeeffate kaawuntiin Kilaark 'sagalee seeran ala kenname quba hin qabu' jedheera. Joorjiyaa Joorjiyaa Kaawuntii Chaataam jedhamutti adeemsa filannoo irratti rakkoon uumameera jechuun himatni baname. Dura taa'aan paartii Rippablikaanii Joorjiyaa Deevid Shaafar, "dubartiin tokko sagalee poostaan kenname 50 ta'u sagalee hin lakkaa'amiinitti yoo maktu argeera," jechuun tiwiitarii irratti barreessan. Sadaasa 05 himata kanaaf ragaan hin jiru jechuun manni murtii himaticha kuffise. Arizoonaa Gareen Tiraamp Sanbata darbe sagaleen seera qabeessa lakkaa'amuun irra ture gatamaniiru jechuun himata bane. Himatni kun waan taajjabdoonni lama jedhan akkasumas kanneen sagalee kennan lama biroo filachuu irratti rakkachuu isaanii himuu eeruun baname. Himatichi ilaalamaa kan jiru yoo, aanga'oonni Arizoonaa himata bu'uura hin qabne ittiin jedhaniiru. Himatni Tiraamp Mana Murtii Waliigalaa gahuu danda'aa? Roobii darbe Tiraamp filannoon hatameera jechuun gara mana murtii olaanaa akka deeman dubbatanii turan. Bu'aan filannoo mana murtii waliigalaa Ameerikaatti ilaalamuun dura, manneen murtii naannoolee ykn isteetiiwwaniin ilaalamuu qaba. Ajaja manneen murtii isteetiiwwanii dabarsan hordofuun manni murtii waliigalaa dhimmicha ilaaluu mala. Wal-dhibdeewwan filannoon wal qabatan gara mana murtii waliigalaa geessuun waan baratame miti. Yoo geeffames himatni jabaan jiraachuu qaba. Hanga ammaa yeroo tokko qofa dhimmi filannoo mana murtii waliigalaan kan ilaalame, sunis bara 2000. Yeroos kaadhimamaa Dimokiraatotaa kan ture Al Goor sagalee 537 qofaan Filooridaa irratti mo'amuun pireezidantummaas injifatame. Adeemsa irra deebiin lakkaa'uu ji'a tokkoo ol tureen booda, manni murtii waliigalaa kaadhimamaa Rippablikaan kan turan Joorj W Buushiif murteessuun injifannoo isaanii raggaasise.
oduu-53414753
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53414753
Hidha Laga Abbayyaa: Hawwii ibsaa argachuufi yaaddoo bishaan dhabuu lammilee Itoophiyaafi Masrii
Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha laga Abbayyaarratti hojjettu bishaan guutuu ykn cimmisuu eegalteetti jedhu oduuwwan waa'ee hidha walfalmisiisaa kanaa dhiyeenyatti haasawamaa jiran.
Suuraaleen saatalaayitii bahaa jiranillee hammi bishaanii hidha kanaa duuba jiru ol ka'uu agarsiisu. Aanga'oonni garuu hidhichi bishaan qabachuu eegaluu hin mirkaneessine. Waldhibdeen bishaan laga Abbayyaa biyyoota sadan gidduu jiru ammallee itti fufee jira. Guyyaa Kibxataa mariin Itoophiyaa, Masriifi Sudaan gidduutti dhimma Hidha kanaarratti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuruamuun Itoophiyaan beeksistee jirti. Itoophiyaan hidhni kun lammiilee biyyattii miiliyoonootaaf humna elektrikaa dhiyeessuun, hiyyummaa keessaa bahuuf akka carraa guddaatti ilaalti. Masriin ammoo jireenya lammiileeshee laga Naayil irratti hundaa'eef yaaddoo bishaan najalaa hir'ataa qabdi. Itoophiyaa: 'Waa hunda qoraaniin qopheechina' Magaalaa Finfinneetti ijaarsaafi misoomni garagaraa saffisaan deemaa kan jiran tahus, magaalaa keessaa bahanii otoo baayyee hin fagaatiin wanti argan garuu faallaadha. Lammiileen Itoophiyaa miiliyoonotaan lakka'aman ammallee dukkana keessa jiraatu. Biyyattiin xumura hidhaa kanaa haalan abdatti. Ijaarsa ganna 10n booda Hidhi Haaromsaa xumuramaa jira. Humna elektrikaa meegaawaattii 6000 maddisiisa jedhamee eegama. Qarqara Finfinnee naannoo Aqaaqii kan jiraataniifi haadha ijoollee saddeettii kan tahan Aadde Jifaaree Girmaa, maatiinsaanii tajaajila ibsaa hin argatan. ''Waa hundaa qoraaniin qopheechina. Nyaannis qoraanumaan bilchaata. Ittoos yeroo tokko tokko kasalaan hojjenna,'' kan jedhan aadde Jifaareen yeroo tokko tokko ammoo gaazii bitachuun akka fayyadamanis ni dubbatu. Bosona deemuun qoraan akka guran kan dubbatan haati kun ''otoo ibsaan nuu galee, istoovii arganna. Qulqullinas ni arganna,'' jedhu. ''An amma daaraafi aaraan machoofnee baanu kana, [otoo ibsaan jiraatee] foyyoofnee baana.'' Abbaan warraa isaanii Obbo Lammaa Shuumiis, akkuma lammiilee Itoophiyaa birootti ijaarsa hidha kanaaf boondii bituun gumaacha taasisaniiru. Kanaanis hidhni kun xumuramee ibsaan mandara isaanii akka galu abdatu. Masrii - 'Abbayyaan dhimma jireenyaafi du'aati' Kiloomeetira 8000 gama yaa'a bishaanii gadiin qonnaan bultoonni Masrii ammoo rakkoo biraa himatu. Masriin hangi bishaanii akka hin hir'anne waadaa Itoophiyaa barbaaddi. ''Lammiilee Masrii hedduuf dhimmi kun dhimma jireenyaafi du'aati,'' jette gaazexeessituun BBC Saalii Nabiil. ''Qonnaan bultoonni biyyattii hedduun waggoota muraasaan as hanqina bishaaniin rakkoo keessa jiru,'' jechuun jiruusaaniif akka daran yaadda'an gabaasteetti. Qonnaan bulaan biyyattii BBCtti dubbate tokko ammumaanuu ''yeroo bonaa bishaan gahaa hin qabnu" jedha. "Guyyaa guyyaa motorri bishaan harkisu sababa bishaan gahaa hin arganneef hin hojjetu. Maaltu tahuuf akka deemaa jiru ani hin beeku,'' jechuun yaaddoo qabu hima. Itti gaafatamaan Yuniyeenii qonnaan bultootaa Huseen Abdulahmmen waan jedhu, ''Masrii bishaan malee - yoo bishaan qabaanne lubbuun jiraanna, yoo qabaachuu baanne ammoo, egeree hin qabnu jechuudha,'' jedha. ''Qoodni bishaanii keenyaa yoo hir'ate, suutuma suutaan duuna,'' jedha Huseen. Gaazexeessituun BBC kun waan jettu, yoo hangi bishaan Masrii gahu ni xiqqaata taanaan lafti misoomaa ni hoonga'a. Biyyattiin oomisha gosoota midhaanii bishaan hedduu fixan, kanneen akka ruuziifi muuzii irratti dhorkaa keesseetti. Masriin fedhii biyyoota yaa'a gadii eegaa hin jirtu jechuun Itoophiyaa komatti. Itoophiyaan ammoo gamasheetiin irra deddeebiin Sudaan fi Masrii miidhuuf yaada tokkollee akka hin qabne dubbatti. Masriin mirga waliigaltee bara kolonii mallattaa'ee goonfatte eegsifachuu barbaaddi jechuun komatti. Biyyoonni sadan kunneen jaarsummaa fi taajjabdoota garagaraan waggoota hedduuf marii taasisanillee, ammas waliigaltee xumuraarra gahuu hin dandeenye. Dhimmoonni teeknikaafi seeraa ammallee hin furamin hafan hedduutu jiru. Bishaan laga Abbayyaa uummatoota biyyoota garagaraaf madda jireenyaa tahe kanaaf, egereen maal akka tahu ammallee ifa miti.
oduu-45861278
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45861278
Isaayaas: Pirezidaantin Eertiraa obbo Isaayaas maaf Itoophiyaatti deebii'an laata?
Pirezidaantiin Eertiraa Obbo Isaayaas Afawarqi erga qilleensi nageenyaa biyyoota lamaa jidduutti bu'e as yeroo lammaffaaf Itoophiyaa dowwachuuf deebii'aniiru.
Dowwannaa obboo Isaayaas kan tibbanaa kanas kenneen haalawwan garaa garaa waliin walitti hidhan jiraatan illeen, odeeffannoon biyyoota lamaan irraa argamee garuu walitti dhufeenya cimsafchuuf ta'u ibsa. Akka Obbo Fitsum Argaa barreessanitti, turtiin dowwannaa pirezidaanti Isaayaas Itoophiyaatti taasisan inni guddaan waliigaltee nageenyaa biyyoota lamaan jidduutti mallattaa'een walitti dhufeenya gama maraa cimsachuufii jedhaniiru. Haaluma walfakkaatunis, ministirri komunikeshinii Eertiraa Obbo Yemaana Gabramasqal pirezidaantichi afferraa Ministira mummee Dr Abiyiin gara Itoophiyaatti qajeeluu isaanii ibsaniiru. Kaayyoonni dowwannaa isaanis waliigaltee nageenyaa baatii Adoleessaa irratti waliigalamee fi dhimmoota waliin ta'an kan biraa irrattis akka mari'atan ibsaniiru. Haa ta'u malee, qaamooleen dowwannoo pirezidaanti Isaayaas kana dhimma haala siyaasaa biyya keessaatiin walitti qabanis hindhabamne. Turtii dowwannaa isaanitiinis pirezidaanti Isaayaas MM Dr Abiyiifi qondaaltoota mootummaa olaanoo waliin godina Jimmaatti Saqaa Coqorsaatii Fincaa'aa Saqqaa dowwachuun isaanii dhagahame. Qondaaltoota dowwannicha irratti hirmaatan keessaa ministirri mummee Itoophiyaa duraanii obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi fi Ministirri haajaa alaa Dr Warqinaa Gabayyoo keessatti akka argaman maddeeni mirkanneessan.
oduu-48979608
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48979608
Odeeffannoon miliqee bahe waan jedhu, Tiraamp waliigaltee nikuleera Iraan kan haqan 'Obaamaa aarsuuf ture'
Donaald Tiraamp waliigaltee nikuleera Iraan kan haqan Obaamaa aarsuuf akka tahe, barreeffamni Ameerikaatti ambaassaaddara UK duraanii irraa miliqee bahe mullise.
Sir Kim Darroch hojii Tiraamp kana 'walitti dhufeenya biyyootaa barbadeessuu' jedhanii ibsaniiru jechuun, Daily Mail gabaaseera. Akka gabaasichaatti, barreeffamni yaada qondaaltota gidduutti daddabarsuuf barraa'e kun, erga Ministirri Hajaa Alaa UK duraanii Booris Joonsan, Ameerikaan waliigaltee kana akka hin haqne erga gaafatanii boodadha. Waliigalteen duraanii kun, sochii nikuuleeraa Iraan irratti daangaa kaa'a ture. Gama kaanin ammoo, qoqqobbii biyyattiirraa kaasuun danda'amnaan, ogeeyyiin idil-addunyaa gara biyyattii akka seenan tolcha. Haa tahu malee, Pireezidant Tiraamp waliigalteen kun garaa isaan hin geenye. Gaazeexaan kun dabalataan waan gabaase, ambaasaaddarri duraanii kun 'Waliigalatee kana kan haqaniif 'sababa dhuunfaa ta'eeni. Kunis Baaraak Obaamaan waan mallatteeffameef,'' jechuun barreessaniiru Sir Kim. Ambaasaaddarri kun dabaluun, gorsitoonni Pireezidantichaa erga waliigalteen kun haqamee booda, garaagarummaa yaadaatiin qoqqoodamanii turan. Tiraamp waan jedhan ''Sir Kim waliin amma booda dhimma hinqabnu'' Poolisiin Landan (Scotland Yard) odeeffannoo dippiloomaasii miliqe akka hin maxxansine miidiyaaleef akeekkachiisa dabarsuus, odeeffannoon ammaa kun baheera. Gaazexeessaan odeeffannoowwan ambaasaaddara duraanii miliqan kana hawaasatti gadhiisu, seera 'Official Secrets Act' jedhamu akka daddarbus akeekkachiisaniiru. Barreeffamni jalqaba miliqanii bahan torban tokkoon dura yogguu tahu, ambaasaaddarri duraanii kun bulchiinsa Tiraampiin ''waa gochuu kan hin dandeenye,'' jechuun ibsaniiru.
oduu-53161771
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53161771
Qonsilaa Itoophiyaa Jiddaa jiru: ‘Hanga weerarri darbuutti baqattoonni bakkuma jiran haa obsan’
Baqattoonni lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman manneen hidhaa Saawud Arabiyaa keessatti rakkinaaf saaxilamaa jiraachuun himame.
Warraabbii viidiyoo baqattoonni kunneen BBC'dhaaf ergan irratti akka mullatuutti, namoonni baayyeen kutaa dhiphoofi baayyee ho'uu keessatti walitti qabamanii jiraatu. Isaan keessaa dargaggoon maqaan saa akka eeramu hinbarbaadne tokko BBC'tti akka himeetti, baatii sadiin dura Yaman irraa gara Saawudiitti osoo ce'aa jiruu poolisoota Saawudiitiin qabamee mana hidhaa amma keessatti argamuutti geeffamu dubbata. Mana hidhaa keessatti haala irra jiru wayita ibsuus, ''mana fincaanii keessa jirra. Achumatti nyaanna, manuma fincaanii keessaa dhugaa jirra. Bishaan mataansaa guyyaa sadiitti ala tokkicha dhufti. Bakki keessa jirru keessa buluun hafee ilaaluufillee kan ulfaatuudha, jechuun haala keessa jiran ibsa. ''Lammiilee manneen hidhaa adda addaa keessatti argaman keessaa hanga ammaatti namoonni torba kan du'a yoo ta'u kannen keessaa tokko humna nageenyaa Sawudiitiin ajeeffameera,'' jechuun rakkoo cimaa keessatti akka argaman BBC'tti himeera. Itti dabaluuniis, ''guyyaa tokkichatti namoonni sadii nu jalaa du'anii namni garagalee nu ilaalee hinturre. Amma mataasa namni baayyee dhukkubsatee du'uuf jiru ni jira. Nama itti iyyannu hinbeeknu. Namoonni kana dhaggeessan maaloo nu gargaaraa,'' jechuun gaafata. Saawud Arabiyaatti qindeessaa Hawaasa Itoophiyaa kan ta'aniifi BBC'n kan dubbbisee Obbo Mahaarii Balaay akka jedhanitti, guyyaa hidhamtoota doowwachuuf wayita dhaqanitti ammalleen hidhamtoonni haaluma wal fakkaataa keessa jiraachu mirkaneeffachu dubbatu. ''Balfaan mana hidhaa keessa jiruu, beelliifi rakkoolee hunduun beekamaadha,'' kan jedhan Obbo Mahaariin, hidhamtoonni dhukkubsatan wallaansa akka argataniifi loltoonnis miidhaa akka irraan hin geenye waliin dubbatanii deebii'uu himaniiru. "Namoonni kunneen Yaman irraa wayita dhufan uffataafi kophee hinqaban, kan dhufan tishartii takkittiin. Isa uffachuun baatii sadiif mana hidhaa tokko keessa taa'uun, keessattuu ho'aa cimaa amma jiruun walitti dabalamee miidhaa irraan gahuu danda'u tilmaamuun nama hindhibu,'' jechuun ture Obbo Mahaariin BBC'tti kan himan. Lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa keessatti argaman kunneenis nyaataafi bishaan itti dhiqatan bakka hinjirree keessatti haala sukkanneessa ta'een jiraachaa akka jiran himeera. Hawaasni Itoophiyaa Saawudiitti argamuus lammiilee kanneeniif deeggarsa taasisuuf yaalaa jiraachuus himaniiru. Kana malees namoonni miillisaanii rasaasaan rukutamee amma sibiilli galeef jiraachu himu Obbo Mahaariin. Akkasumas lammiilee Magaalaa Jiizaan jedhamu keessatti argaman ammoo dhukkuba daddarbaa haa ta'uu haa dhiisuunsaa hinbeekamnee qaamaafi fuulasaanii irratti wanti dhiita'uu waan baheef hawaasichi maallaqa wallansaaf ta'u walitti qabaaf jiraachu himan. ''Lammiileen kunneen rakkoon keessatti argamu hiikkachu kan danda'u yoo gara biyyasaanii deebii'an qofaadha'' jechuun akka gara biyyaa deebifamaniif haalli akka mijeeffamuuf waamicha dhiyeessaniiru. Deebii Qoonitsilaa Itoophiyaa Jiddaa Guyyoota muraasaan dura Ministeerri Haajaa Alaa baqattoota hidhaarratti argaman gara Itoophiyaatti deebisuuf ykn bakka turmaataa fooyya'aatti dabarsuuf yaalii taasisaan jira jedhee ture. Haa ta'u malee Qonitsilaan Itoophiyaa Jiddaatti argamu yaaliin lammiilee gara Itoophiyaatti deebisuu akka turu kalleessa beeksiiseera. Qonitsilaan kun Roobii waaree booda fuula feesbuukii isaarratti ibsa baaseen haala baqattoota kanneen gara biyyaatti deebisuu ilaalchisee Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Afriikaa, hanga weerarri Covid-19 kun furmaata argatutti baqattoonni bakkuma jiran haa turan jechuun qajeelfama labsuu beeksiiseera. Kana malees, Itoophiyaattis bakkeen namoonni adda baafamuun keessa tursiifaman gahaan waan hinjirreef, sochiin baqattoota Saawudiidhaa baasuu gufachuu isaa ibsuun, lammiileen manneen hidhaa keessatti argamanis obsaan akka eeggataniif Qonitsiilaan kun gaafateera. Ibsuma Qonistilichaa kanaan mana hidhaa dubartootaa Jiddaa Shiimeesii keessatti walitti bu'iinsa umameen lammiilee hedduun miidhamaaf saaxilamusaanii ibseera. Taateen sunis yeroo dheeraadhaaf mana hiidhaa keessa tursiifamuu isaanii mormuun mana hidhaatii miliquuf yaalii taasisaniin poolisiin walitti bu'uun kan umameedha jedheera ibsi kun. Sababa kanaan baqattuu Itoophiyaa tokkorra miidhaan gidduugaleessaa qaqqabuu Waajirri kun beeksiseera.
oduu-43068527
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43068527
Warshaa konkolaataa: Eenyutu hunda dursa?
Warshaaleen konkolaataa gurguddoon lakkoobsa gurgurtaasaanii kan bara 2017 beeksisaa jiru ,garuu eenyutu tokkoffaa ta'a laata?
Kampaniin Toyota hama bara 2016 Volswagen irraa fudhatutti gabaa addunyaa dursaa ture, waggoota afuriif durseera. Tarii warshaa konkolaataa Jarmany garee Volswagen kan sadarkaa duraa kampanii Toyota irraa fudhate ta'aa laata? Moo tarii warshaa haaraa konkolaattota gosa garagaraa oomishaa jiru ta'a laata? Tarii kan US titan, General Motors ,tarii deebi'ee mo'achuu malaa laata? Deebiinsaa gosa konkolaa kampaniiwwan dhiyeessan irratti hundaa'a. Waan falmisiisaa Kabaja argachuu kan barbaadu qooda fudhataan bara kanaa kampanii konkolaataa Renault-Nissan-Mitsubishi alliance jedhamuudha. Gareen Jappaanii fi Freench waliin ta'uun bara 2016 kampanii Mistubishi fudhatanii maqaa haarawa kana Fulbaana darbe keessa argatan. Carlos Ghosn mallattoo konkolaataa haaraa Renault-Nissan-Mitsubishi alliance jedhamu qabatee as ba'e Mallattoowwan addatti ittiin beekaman kudhan kanneen akka Dacia, Datsum, Infiniti fi Renault Sumsung Motors irraati kan ijaaraman. Kampanichi konkolaataa imala ummataa miiliyoona 10.61 fi konkolaattota daldalaa sasalphoo hedduu bara 2017 keessa gurureen addunyaarratti tokkoffaa ta'eera. Garuu haalisaa xiqqoo walxaxaadha. Sababni isaa kampaniin volswagen bara 2017 keessa konkolaattota miiliyoona 10.74 gurgureera jedha, kunimmoo dorgommii itti aanuufillee dhiibbaa guddaa akka uumu ni dubbatama. Dubbii jajjabaa Addunyaarratti gabaa konkolaataa qabachuun qaama dursu beekuuf waan irra dgaabbannee wal dorgomsiisnu ilaaluun barbaachisaadha jetti hooggantuun warshaa konkolaattotaa buufata qorannoo BMI kan magaalaa Landanitti argamuu. Gabaasa miidiyaa garagaraarraa akka hubatamutti bara 2017 keessa Renault-Nissan-Mitsubishi alliance konkolaattota sasalphoo gurguruun gabaa kan qabate yoo ta'u, VW ammoo lammaaffaadha. Garuu lakkoobsa kana keessatti konkolaattota gurguddoo kan kampaniin VW oomishutu baayyata. Konkolaattota gurguddoo kan jedhaman kanneen akka Baasii fi konkolaattota fe'isaa gurguddoon konkolaattota imalaa xixiqqoo keessatti ramadamuun lakkoobsa konkolaattota kaampaniin kun gurguruu olkaasaa jiru. Kana fudhachuun namoonni akka waan Jarmaniin tokkoffaa taateetti dubbachaa jiru. Konkolaattota fe'isaa gurguddoo fi konkolaattota imalaa sasalphoo adda baasuu dabuun ammoo haala gabaa konkolaataa daranuu walxaxaa godheera. Fakkeenyaaf konkolaataa beekamaan ispoortii SUV jedhamu konkolaataa guddaa moo xiqqaa jalatti ramadama? Gosti konkolaataa SUV US fi Kanaadaa keesssatti akka konkolattota sasalphootti fudhatamu, kutaalee Europe fi Chaayinaa keessattimmoo konkolaataa imala ummataati. ''Gosti konkolaataa SUV bakka hedduutti beekamaa ta'e konkolaattotatuma ummanni ittiin imalaniin tokkuma,'' jedha qondaalli olaanaan CarBuyer. ''Garuu USA keessatti gosti konkolaataa SUV tokko tokko akka konkolaattota sasalphootti gargaaru. Singappor, Maleeshiyaa fi Taayilaandi keessatti gosti konkolaataa Toyota Hilux konkolaattota duubaan irra buusee qabaniidha, konkolaaattota sasalphoos jedhamu . Garuu gosti konkolaataa Toyota Fortuner jedhamuu danaan isaanii fi keessi isaanii walfakkaatus akka gosa konkolaataa SUVtti ilaalama. Walumaa galatti yeroon konkolaataa gurguddaan darbee kan konkolaattota sasalphoo yoom akka dhufu tilmaamuun nama dhiba,'' US, Kanaadaa fi Raashiyaa keessatti konkolaattota sasalphoo jechuun kanneen Pickup fa'a. Konkolaataa sasalphoo jedhamanii ramadan kanneen akka Chevrolet Silverado, hojii daldalaatiifis haa ta'u geejjbaafis haa oolan malee konkolaattota piikaappii jalatti ramadamu. Konkolaattota mallattoo garagaraa hunda garee tokkotti yoo walitti qabanii hunduma gurguran kun gree kampanii VW deggeruu ta'a. Haala kana yoo fayyadamne ammoo ammas gosti konkolaataa warshaa OICA gabaa addunyaa qabachuu mala. Kun garuu konkolaataa fe'isaa ummataa, kan daldalaa, miniibaasotaa fi konkolaattota fe'isaa of keessaa qaba. Garuu sadarkaasaa kan bara 2017 hin ibsine.
oduu-49368542
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49368542
Buruundii: Barattoonni yunifoormii cicciruu isaaniif kaardiisaanii hinargatan jedhaman
Suurawwan barattoonni Buruundii qormaata xumuran gammaduu isaanii yunifoormii (uffata dambii) taraarsuun sirbaa turan agarsiisu qeequu jabduu kaaseera.
Barattoonni kunneenis barnoota mana barnootaa sadarkaa lammaaffaa saanii xunuruuf ture daandiirra dhaabachuu uffannaa dambii ciciramaan kan suuraa ka'an. Dhimmi barattoota kanneenii kunis maree dhimma nageenyaa torban kana keessa taa'amettillee ka'eera. Suurri barattoota kanaa mana barumsaa magaalaa guddoo biyyattii kan taatee Bujumburaa keessaa bahe argamu tokko ammoo miidiyaalee hawwaasummaa irratti hedduu qoqqoodamee ture. Haalli ta'uun barattootaan raawwatamunsaa ammoo waldaan barsiisota hedduu dheekkamsiiseera. Ergaa sagaleen waraabamee gadi dhiifame keessatti tokko, daarektarri mana barumsichaa osoo gocha barattoota kanaa abaaruu dhaga'ameera. Daarektarichi yoo barattoonni kunneen 'amala badaa' akkasii kanarraa hin deebiine ta'e kaardii firii qormaata isaanii akka hin kennineef akeekkachiiseera. Pirezidaantiin biyyattii Pierre Nkurunzizanis amala badaa barattootaa kana abaaraniiru. Pirezedaantichi kan kana dhaga'an yeroo walga'ii nageenyaarratti Kibxata darbe dhimmi gocha barattootaa kun ka'ee akka ture dubbi himaan isaanii Jean-Claude Karerwa BBC'tti himeera. Akka Karerwa jedhutti, garuu dhimmi barattoonni amala badaa akkasii agarsiisanii kun maatii isaaniitiin akka duukaa bu'amuu qabu Pirezedaantichi yaada qabu. "Barattoota amala badaa agarsiisan kanaaf dippiloomaa isaanii dhowwachuun garuu caalaa dubbii hammeessa," jedha Karerwaan.
51411381
https://www.bbc.com/afaanoromoo/51411381
Eeruun koronaavaayiras 29 akka isa qaqqabe Ministeerri Fayyaa beeksise
Koronaavaayiras tatamsaa'uunsaa erga dhagahamee as eeruuwwan shakkii vaayirasichaa 29 isa qaqqabuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.
Ogeessa koroonoovaayirasii sakatta'u Gareen shakkamtootaa garee koronaavaayiras to'achuuf hundaa'e bira ga'ee hordofaa jira. Ministeerichi ibsa har'a kenneen akka beeksisetti gareen deebii hatattamaa dhimma koronaavaayirasiif kennuuf Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa biyyattiitiin hundaa'e eeruuwan kennaman hundumaa bira ga'ee to'annoo gochaa jira. Akka ibsa ministeerichaatti namoota 29 koronaavaayirasiidhaan shakkamuun eeraman 29 keessaa 14 mallattoowwan vaayirasichi ittiin shakkamu muraasi waan irratti mul'ateef iddoo addaa qophaa'etti adda baafamanii akka tursiifaman godhamee qorannoon irratti gaggeeffameera. Namoota shakkamanii adda baafaman keessaa dhiigi namoota 11 saamudi isaa fudhatamee qorannoof gara Afriikaa Kibbaatti kan ergame yoo ta'u kanneen keessaa namoonni saddeet vaayirasicharraa walaba ta'uun beekameera. Sadeen hafan ammoo bu'aan qorannoo isaanii ammallee eegamaa jira. Kana malees namoonni biroon sadi vaayirasichaan shakkaman dhiigni isaanii gara Afriikaa Kibbaatti ergamuuf jira jedha Ministeeri fayyaa. Namoonni magaalaa Wuhaan, kan iddoo argama koroonaavaayiras taate, irraa dhufan hundinuu bakka yaaliif qophaa'etti tursiifamuun to'annoon fayyaa ni taasifamaaf jedha ibsi kun. Akkasumas namoonni Chaayinaarraa gara Itoophiyaa seenan hunduu imaltoota biroorraa adda baafamuun ho'inni qaamaa isaanii kan safaramuu fi foddaan immigireeshinii addatti isaaniif banamuun tajaajila akka argatanis eereera ibsi Ministeera Fayyaa.
oduu-53094926
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53094926
Koronaavaayirasi: Obboolaan lamaan sababii Covid-19n taaziyaa harmeesaanii karaa 'zoom' raawwatan
Weerarri koronaavaayirasii erga addunyaarratti mudachuu eegalee hariiroon siyaas-diinagdee fi hawaasummaa dhiibbaa jala galeera.
Aadaan waliin jireenyaas sodaa koronaavaayirasiin laaffataa dhufeera. Itoophiyaa keessatti ammoo wayita firri yookiin namni beekan nama duraa du'aan boqotu boo'icharratti argamuun, gadda taa'uun, hirmii baafachuun aaddaa irratti cichamaa tureedha. Garuu wayita weerara koronaavaayirasii kanatti, wayita walitti heddummaachuus dhorkametti, tibba geejjibnillee addaan citee jiru kanatti akkamiin du'a geessu? Kaapteen Abiy Makonnin fi Obbo Maatiyaas Makonnin Teeksaas fi Varjiiniyaa jiraatu. Harmeensaanii Aadde Dammaqech Aliyu koronaavaayirasiin ta'uu baatullee dhibee isaan mudateen addunyaa kanarraa du'aan wayita boqotan, karaa interneetii 'Zoom' dhaan sirna gadda taa'uu raawwataniiru. Aadde Dammaqach ijoollee 11 qabaachuu kan himan namoonni kunneen garuu kan argamee awwaallate namoota lama qofa jedhan. Namoota US irraa yaada nuuf kennan keessaa tokko Covid-19n qabamee bayyanate. Haati keenya ijoollee 11 abbaa malee guddiste kan jedhan Kaapteen Abiy, nama akkasii dhabuun baay'ee nu gaddisiiseera. Harmeensaanii mana Tiyaatiraa ''Hager Fiqir'' keessa hojjechaa akka turan dubbatan Obbo Maatiyaas. Kaapteen Abiy harmeesaanii yeroo dhumaaf kan argan waggaa tokko dura ture, harmeensaanii dhukkubsachuu Wiixata darbe akka dhagahanii fi yoo boqotte akkam goona jedhanii yaadda'aa akka tuan dubbatan. ''Wayita dhukkuba haadha keenyaa dhageenye baay'ee jeeqamne. Yoo duute akkam goona? eenyutu deema? kan jedhurratti waliin dubbachaa turre. Kan baay'ee nama gaddisiisu garuu utuu deemuu dandeessuu isa du'aa gayii haadha keetii haftuudha'' jedhan Kaapteen Abiy. Dhiphuun imalaa geejjibarraa eegala kan jedhan Kaapteen Abiy, ''Itoophiyaan geenyees dirqama adda baasuun jira. Akka aadaa ta'eemmoo reeffa guyyaa lama sadi jechuutu jira. Kun hundi rakkoo guddaa keessa nu gashe'' jedhan. Kutaa biyyaa Varjiiniyaa kan jiraatan Obbo Maatiyaas Makonnin haadhasaanii erga awwaalanii booda koronaavaayirasiin qabamuunsaanii akka barame BBCtti himaniiru. Haala kanarratti yaada kan kennan Kaapteen Abiy,''rakkoon wayita nutti marmaaru baayyee rifanne. Haadha keenya erga awwaallee booda, obboleessi keenya qabamuu wayita dhageenyu, dhibeen kun ammas nama nurraa fudhachuufii jennee baayyee rifanne. Dhiphina guddaa keessa turre. Yeroo hamtuu turte'' jedhan. Wayita harmeensaanii du'anii fi obboleessisaanii Covid-19 qabamanitti, gara Itoophiyaatti imaluun hafee, kutaa biyyaa US tokkorraa gara biraatti imaluunuu rakkoo waan tureef waaqumatti kenninee dhiisne jedhan Kaapteen Abiy. ''Osoo akka durii ta'ee maatii waliin walgeenyee gadda teenyee walis jabeessinee gargar baana. Amma garuu osoo nu gubuu obsinee bakkuma jirrutti teenye'' jedhan Obbo Maatiyaas. Waa'ee du'aa gayii haadha keenyaa murteessuuf guyyaa sadi nutti fudhateera kan jedhan Kaapteen Abiy,''hiriyaan kiyya tokko yaada naaf fide. Innis maliif karaa 'zoom'sirna taaziyaa hin raawwattan kan jedhu ture. Haala kanaan maatii firri hedduun karaa kanaan du'aa gayii geenyeerra'' jedhan. Ergasiillee namoonni yaadannoo abbaasaanii karaa 'zoom' raawwatan jiru jedhan Kaapteen Abiy. Sirna awwaalchaa haadhasaanirratti argamuu dhabuutti baay'ee akka gaddan kan dubbatan Obbo Maatiyaas gara fuulduraatti dhibeen addunyaa weerare kun yoo bade hojiin keenya jalqabaa siidaa yaadannoo haadha keenyaaf dhaabuudha jedhan. Yaada Obbo Maatiyaas kan qooddatan Kaapteen Abiy ,''wayita abbaan keenya boqotan hundi keenya sirna gaggeessaaniirratti hirmaannee turre. Ammas yoo dhibeen kun nurraa ka'e siidaa isaanii walbiratti dhaabuu feena'' jedhan. Sababa fageenyaan sirna awwaalchaa haadhasaaniirratti argamuu dhabuutti gaddanis, namoonni dhiyoo jiranis ammoo of eeggachuu qabu jedhan namoonni kunneen. Du'aa gayii waliirratti argamuuf jennee vaayirasii kanaaf saaxilamuurraas of qusachuu qabna jedhan.
oduu-42509483
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42509483
Joorj Wiihaan pirezidantii Laayibeeriyaa ta'un filame
Taphataan cimaa kubbaa miilaa Joorj Wiihaa pirezidaantii Laayibeeriyaa ta'un filame.
Joorj Wiihaan filannoo duraa mo'us sagalee caalmaa mootummaa fudhachuuf isaan gargaaru hin arganne ture Filannoo guyyaa Kibxataa taasifameen Wiihaan dorgomaa isaa Joseef Boyaakaayi sagalee dhibbantaa 60 argachuun dursee jira. Akkuma filannoo marsaa lammataaf taasifame irra aanuun isaa dhagahameen deeggartoonni isaa daandii Monoroviyaatti bahani dhichisuu eegalaniiru. Joorj Wiihaan pirezidaantii dubartii Afrikaa yeroo jalqabaaf filatamte, Eelan Joonsan Sarliif bakka bu'un aangoo qabata. ''Lammiiwwan koo Laayibeeriyaa, miirri isin keessa jiru nabiras jira,'' jechuun ture wayita bu'aan sagalee ibsameetti tiwitarii isaa irratti kan barreesse. Filannoo baatii Onkololeessaa taasifameen Wiihaan sagalee dhiibbeentaa 38.4 yoo argatu dorgoomaan isaa Bowaakaayin immoo dhibbeentaa 28.8 argatanii turan. Lamaan isaanii keessaa sagalee caalmaa dhiibbantaa 50 oli kan argate waan dhabameef lammata akka dorgoman taasifamee ture. Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa (NEC) Laayibeeriyaa Kamisa akka jedhanitti, sagalee dhibbeentaa 98.1 lakka'aman keessaa taphataan duraanii dhiibbeentaa 61.5 yoo argatan, Bowaakaayin immoo dhiibbeentaa 38.5'n duuba jiru. Taajjabdoonnis akkaataa filannoon itti taasifame dinqisiifataniiru. Biyya Laayibeeriyaa lammiilee miiliyoona 4.6 qabdu keessaa, isaan miiliyoona lama caalan bahuun filaniiru. Joorj Wiihaan eenyu? Wiihaan kilaboota Awurooppaa kanneen akka Pi Es Ji (PSG), Eesi Miilaan akkasumas Ingilizii keessatti Chelsii fi Maanchistar Siitiif taphateera. Joorj Wiihaan taphataa Afrikaa tokkicha badhaasa FIFA Taphataa addunyaa waggaa kanaa jedhuufi kan Baalond'or fudhatedha. Bara 2002 kubbaa taphachuu erga dhaabee booda gara siyaasaa kan dhaqe. Senaatara paarlaamaa Laayibeeriyaa ta'un tajaajilaa turuus ammammoo biyyattii bulchuuf filatameera. Kilabiin isaa duraanii PSG baga gammadde ittiin jedheera. Joorj Wiihaan yaalii yeroo dheeraa booda aangoo biyya bulchu qabatan Akkamin addana geenye? Laayibeeriyaan namoota garboota irraa Ameerikaatii bilisaomaniin jaarraa 19ffaa keessa kan hundooftedha. Erga bara 1944 asiitii namni karaa nagaan aangoo walharkaa fuudhe hin jiru. Fiannoo bara 2005tti gaggeefamee tureen Aaddee Sirliif Mr Waahiin mo'achuun waggan booda erga ajjeechaa cimaan kan pirezidaant Charlis Taaylariin akka rebe loltummaa eegalu taasiseen booda, taayitaa qabatte. Chaarlis Teeylar wayita ammaa kanatti wal waraansa biyya ollaa Siraaliyiin waliin tureen himatamee, yakka waraanaatiin himatamanii Uk keessa hidhaa waggaa 50 irratti argamu. Dhaadannoon duula na filadhaa Joorj Wiihaa taasisan qalbii dargaggootaa harkiseera. Kan Boyaakaayi garuu akka kan yeroon itti darbetti fudhatan Filatamuun Mr Joorj Wiihaas haaffii irraa bilisa hinturre. Sababni isaas, dorgomtuun biraa Jiwel Teeylar haadha warraa pirezidaantii duraanii hidhaarratti argaman Chaarlis Teeylariidha. Waancaa bara jireenya isaa isa guddaa Laayibeeriyaadhaa: Umaaruu Fofaanaa, Oduu BBC, Monorooviyaa Dura taa'aan komishinii filannoo bu'aa filannoo ibsani baay'ee hin turre deeggartoonni Joorj Wiihaa gammachuu ibsachuuf daandiitti kan bahan. Taajjabdoonni filannoo biyya keessaa fi alaa akkaataa filannoon itti taasifame kan leellisan yoo ta'u filannoo baatii Onkololeessaa irraa fooyyee qaba jedhaniiru. Taphataa waancaa kubbaa miilaa ol fuudhuu hin rakkanneef biyya bulchuun garuu itti cimee ture. Amma garuu waancaa guddicha jjireenya isaa argateera. Laayibeeriyaan walwaraansa waliini booda amma tasgabboofteetti. Garuu, malaanmaltummaa fi hiyyuummaa hamaa keessa jirti. Biyyattiin pirezidantii dubartii Afrikaa jalqabaa filachiiste turte. Ammammoo taphataa duraanii biyya akka bulchu filatte.
oduu-54137002
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54137002
Mormitoonni mootummaa Maalii Chaartara Ce’umsaa didan
Baatii Hagayya darbe waraanni pirezidantii Maalii aangoorraa fonqolchuu dura qindoominni paartilee mormituu mormii ummataa gaggeessaa turan chaartara cee'umsaa didan.
Fonqolcha ji'a darbe raawwatame lammileen Maalii hedduun deeggaraniiru Biyyattii keessatti hanga filannoon gaggeeffamutti mootummaan ce'umsaa ji'oota 18'f turu akka hundaa'e Sambata darbe ture walii galteen Humna Waraanaa biyyattii aangoo harkaa qabuun kan mallattaa'e. Walga'ii guyyoota sadi ture irratti kan hirmaate gareen qindoomina mormitootaa garuu sanadi walii galtee kun humnoota waraanaa kan aangessuudha waan ta'eef hin fudhannu jedhaniiru. Sanadi kun mootummaan ce'umsaa qaamolee siivilii (waraana hin ta'iniin) akka gaggeeffamu yaada jedhuuf xiyyeeffannaa homaatuu hin laanne jechuun komatan mormitoonni. Akkasumas fedhii fi dantaa ummata Maalii kan ilaalcha keessa hin galchineedha jedhan. Gareen miseensota biyyoota dhiha Afriikaa, Ecowas, mootummaan ce'umsaa qaamolee siiviliin akka gaggeeffamu fedhu. Humni waraanaa ammoo siiviliis ta'e humni waraanaa qaawwa hooggansaa jiru duuchuu danda'a jedheera. Pireezidantiin aangoorraa fonqolfaman maanguddoon ganna 75 Buubakar Keetaa torbee darbe Fulbaana 5 biyyattii gadhiisanii gara UAE imalaniiru. Aanga'ootni waraanaa akka jedhanitti pireezidantichi dhibee Istirookiin waan miidhamaniif waldhaansaaf deeman. Hoogganaan waajjira pireezidantii ammoo, Buubakar Keetaa guyyoota 15'f ala akka turan dubbataniiru. Pireezidantiin aangoorraa buufaman Buubakar Keetaa torbe darbe biyyaa baqatan Pireezidant Keetaarratti mormiiwwan hedduun diinagdee fi malaammaltummaa wajjiin walqabatan erga gaggeefamaa turanii boodadha Hagayyaa 18 aangoorraa kan fonqolfaman. Maaliin bara 1960'tti erga kolonii Faransaay jalaa birmadummaa argattee booda fonqolcha mootummaa yeroo keessummeessitu kun isa afraffaadha.
oduu-56847729
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56847729
Mootummaa Itoophiyaa: 'Dhimmoota nageenya biyyaalessaa qoran irratti tarkaanfii araarama hin qabne eegalleerra'
Mootummaan dhimmoota nageenya biyyaalessaa qoran irratti tarkaanfii araarama hin qabne fudhachuu eegaluu caasaan waloo Nageenyaafi Tasgabbii beeksise.
Caasaan waloo Nageenyaa fi Tasgabbii kun jaarmiyaalee akka Komishinii Poolisii Federaalaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Tika Biyyaalessaa fi Ejensii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaarraa hundeeffame. Caasaan kun ibsa Jimaata galgala baaseen ''qaamolee farreen nageenyaa ta'aniif obsa hin qabu'' jedheera. ''Diddaa uummataa umuun biyyattii gara walitti bu'iinsaafi jeequmsaatti galchuuf qaamoleen keessaa fi alaan wal ta'anii socho'aa jiraachuu isaaniif ragaa gahaa qabna'' jedha caasaan waloo nageenyaa fi tasgabbii. Mootummaan eenyummaa, bulchiinsa daangaafi gaaffiilee ofiin of bulchuun walqabatan haala barbaachisuun keessummeessaa jiraatus qaamoleen badiisaa biyyattii jeequmsatti ofaa jiruu jedha. Ergama kana galmaan gahuuf sanada qophaayee fi taatota badii kanaa kan ibsu ragaan harka isaa gahus, caasaan nageenyaa fi tasgabbii kun ibseera. Ibsichi tibba kana Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa fi godina addaa saba Oromootti haleellaawwan raawwatamaniin lubbuun namoota nagaa darbuu, qabeenyi manca'uufi namootni hedduun qe'ee buqqa'uu yaadatee, kana kan raawwate qaamolee farra nageenyaa biyya keessaafi alaa gurmaa'aniidha jedheera. Naannoo Amaaraa gidduugala Goondarittis hidhattootni Qimaant haleellaa raawwataniin badii qaqqabuu yaadachiiseera. Akkasuma daangaa naannolee Affaariifi Somaaleettis walitti bu'iinsi lubbuu namootaa galaafate mudachuu eereera. Walitti bu'iinsa qaamolee hawaasaafi hidhattootaan raawwataman kanaan dabalataan Hidha Haaromsaa Itoophiyaa kan ilaallatuun ''qaamoleen keessaa fi alaa'' bishaan marroo lammataaf hidha sanitti akka hin guutamne hidhattoota Gumuuz leenjisuufi hidhachiisuun naannichatti bobbaasaniirus jedha. Shira qaamota kanaa fashaleessuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu caasaan waloo dhimma nageenyaa fi tasgabbii beeksiseera. Dabalataaniis gareen hidhattootaa ''ABO-Shanee' xiyyeeffannoo mootummaa bittimsuuf bakka garaagaraatti namoota nagaarratti haleellaa geessisaa jiraatus, haleellaa fi ajjeechaa guutummaatti hambisuuf tarkaanfiin qaama kanarratti fudhatamu cimee itti fufeera jedha. ''Oromiyaa keessatti nageenya mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatamaa jiruun ABO-Shaneerratti kasaaraa guddaan gaheera'' jedha ibsichi. ''Mootummaan jijjiiramichi akka hin garagalfamneefi dirreen dimookrasii akka hin dhiphanne obsi agarsiisaa ture nageenya biyyaalessaa kan qoru waan ta'eef, tarkaanfii araarama hin qabne fudhachuu eegaluu ibsuu fedhaa'' jedheera. Humnoonni alaafi keessaa Itoophiyaa diiguuf hojjetan miidiyaalee hawaasaa fi caasaalee mootummaa keessa galuun nageenyaafi jireenya biyyaa yaaddoo keessa galchaa waan jiraniif uummatni kana beekuun akka tumsu waamicha godheera. Sochii qaamolee farra nageenyaa fi hidhattootaa ragaadhaan karaa caasaa nageenyaa fi tasgabbii hordofuun to'achuun tarkaanfii atattamaa irratti fudhachuun itti fufas jedhe.
oduu-48933083
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48933083
CPJ fi 'Amnesty International' Itoophiyaa akeekkachiisan
​​​Dhaabbileen mirga gaazexeessitootaaf falman akka CPJ fi 'Amnesty International' ibsa Kibxata baasaniin mootummaan Itoophiyaa hatattamaan gaazexeessitoota hidhaman akka gadi dhiisuu gaafatan.
Torbe darbe keessa gaazexeessitoonni lama qabamuufi itti aansee ammoo Raayyaan Ittisa Biyyaa gaazexeessitootaa fi miidiyaalee "raayyaa ittisaa fi uummata gidduu wal amantaan akka hin jirre uuman nan himadha" jechuun ibsa baasuun yaaddessaadha jedhan. Gulaalaa olaanaa Asrat TV fi gaazexaa Bararaa kan ta'e Berihuun Adaanee fi Gulaalaa Barruu Inquu jedhamtu kan bara 2014 hojii dhaabde kan ta'e Eliyaas Gabruu gazexeessitoota dhaabbileen kunneen hidhaman jedhanidha. Mootummaan garuu namoota kana hojii gaazexeessummaan wal qabateen osoo hin taane, 'yaalii fonqolcha mootummaa' torbee lama dura raawwatameera jedheen shakkee to'annoo jala oolchuu hime. Itoophiyaan mala duraan miidiyaa ittiin ukkaamsaa turtetti deebi'aa jirti kan jedhu CPJ'n, 'yaalii fonqolchaa' raawwatame jedhame hordofuun intarneetiin guutummaatti adda cituu isaa qeeqeera. Intarneetii adda kutuu qofa osoo hin taane gaazexeessitoonni lama labsii farra shororkeessummaa mirga namaa ukkaamsu jalatti hidhamuu isaaniis ni qeeqa. Intarneetii adda kutuu fi gaazexeessitoota labsii kanaan himachuun miidiyaa ukkaamsuuf yaaluun Itoophiyaa keessatti waan haaraa miti jedha CPJ'n. Haa ta'u malee MM Abiy Ahimad jijjiirama gama walabummaa miidiyaan argamsiisaniifi hawaasa idil-addunyaa biraa beekamtii itti argataniin faallaadha jedheera. Hidhamuun gaazexeessitootaa walabummaa miidiyaa erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii daran fooyya'ee ture balaaf saaxila kan jedhe ammoo dhaaba mirga namoomaaf falmu 'Amnesty International' dha. Mootummaan gaazexeessitoota hidhe hatattamaan gadi dhiisu akka qabus gaafateera. Dubbi himtuun Waajjira MM Billanee Siyyuum mootummaa 'yaalii fonqolchaa' raawwateen wal qabatee namoota hojii fi ogummaa adda addaa qaban hedduu to'annoo jala oolchee qorata jira jechuun CPJ'f deebii kennaniiru. Gaazexeessitoonni hidhaman jedhame "sochii gaazexeessummaan kan wal qabate miti" jedhanii mootummaan ammas walabummaa miidiyaa mirkaneesuuf kutannoo jabaa qabaachuu himaniiru. Ogeeyyiin maal jedhu? Raayyaan Ittisa Biyyaa gaazexeessitootaa fi miidiyaalee "raayyaa ittisaa fi uummata gidduu wal amantaan akka hin jirre uuman nan himadha" jechuun isaa walabumma miidiyaa miidhaa jennee ogeeyyii dubbisneerra. "Walabummaan miidiyaa itti gaafatamummaa faana deema" kan jedhan ogeessi miidiyaa Obbo Dajanee Tasammaa, "nama dhunfaas ta'e dhaabbata maqaa xureessuu fi arrabsuun walabummaa miti" jedhu. Walabummaan kun daangaa qaba, kana darbee waan raayyaan ittisa biyyaa hin goone godheera jedhee kan maqaa dhaabbatichaa balleesse himatamuun sirriidhuma jedhu. Diinii koleejjii gaazexeessummaa fi Komunikeeshinii Yuunivarsiitii Finfinnee kan tura Dr. Abdiisaa Zara'aay garuu wantichi baay'ee yaaddessaadha jedhu. "Osoo gochaan hin raawwatan ta'eellee, afaanumaan nan himadha jechuun walahbummaa miidiyaa irratti dhiibbaa guddaa qaba" jedhu. "Gaazexeessitoonni fi namoonni miidiyaa keessa hojjetan akka sodaatan, yoon kana jedhe boru maaltu narra gaha jedhanii akka of gulaalan isaan taasisa" jedhu. Gaazexeessitoota qofa osoo hin taane namoonni keessummaa ta'anii miidiyaa irratti afeeraman illee, fedhiin dhiyaatanii yaada isaanii bilisaan kennuu rakkatu jedhan. Haa ta'u malee miidiyaan itti gaafatamummaan hin hojjetu yoo ta'e mootummaan tarkaanfii akkasii fudhachuuf ni dirqama kan jedhan Dr Abdiisaan miidiyaan itti gaafatamummaan hojjechuu qabu jedhan.
oduu-43972373
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43972373
Qubsuma koo 31: Yaadannoowwan koo irra caalaan waa'ee mukkeeniifi dhoqqeedha
Maqaan kiyyaa Aliiyuun Faayi jedhama. Haati kiyya lammii Itoophiyaa yoo taatu, abbaan kiyya nama Senegaal. Amma kanan jiru Ameerikaa Orlaandoo yoo ta'u, irra caala kanan jiraadhu Vaankovar- Kaanaadaadha.
Aliiyuun Faayi Haala amala hojii kiyyaatiin walqabateen, fakeenyaaf torban ittaanu irraa eegalee Veegaasiin jiraadha. Isaan booda ammoo magaalaa biraa jechuudha. Bara darbee irraa kaasee torbaan lamaanan maagaalaa tokkorraa gara magaalaa biraatti socha'uun hojadha. Waliigalatti garuu, Ameerikaa Kaabaa keessa na hinbaasu. Waggoota lamaaf mindeefamee osoon hojachaa jiru guyyaa tokko jireenya kiyyaa geedaru akkan qabaadhu natti dhagahame. Waanan dargaggeessa ta'eefi nama na jalatti bulu waan hijiraanneefu dirqama bakka tokkotti murtaa'u akka hinqabaannee hubachuun addunyaa ilaaluun gaarii ta'ee natti mul'ate. Barrisaa kan teknolojii waan ta'eefi anis teknolojiin waan na harkisuuf hojii mataa kootii hojachuuf murtesse. Teknolojiin humna addunyaa geeddaru akka qabu nan amana. Amma dhaabbileen garaa garaa waliin qophiilee adda addaa teknolojii waraqaa maleesaatiin mobaayilii harkaatti fayyadamu qofaan biyyaa biyyatti, magaalaadhaa magaalaatti socha'uun hojachaan jira. Hojii kana malees, yeroo boqonnaa kiyyatti maqaa kiyyaa Itoophiyaatiin bakkeewwaniifi qophiiwwan adda addaa irratti muziiqaan qindeessa. Itoophiyaadhaa kanan bahe wayitan umurii 15 tureedha. Achi tibban tureettis baayyee manaa bahee waanan hinbeekneefuu, yaaddannoowwan kiyya irra caalaan waa'ee mukeeniifi dhooqqee bira hindarbu. Akkasiis ta'ee garuu osuma har'a boruun Itoophiyaa dema jedhu kunoo waggoota 14 lakkofsiseera. Yeroo baayyee waa'ee Itoophiyaa nan yaada. Waa'ee magarisummaashee baay'ee natti tola. Essayyu ta'ee yoon roobaafi magariisa argu Itoophiyaan yaadadha. Yeroo darbee Haawaayu deemee dhoqqeen, mukeeniifi sabanni waaqaa roobaan booda arge waan Itoophiyaa na yaadachiiseef dhaabadhee suuraa kaafadhe. Dhaabbataan bakka tokko jiraachu baadhulleen wantoonni biyyoota Ameerikaa Kaabaa walfakkeessan hindhiban. Osoon humna qabaadhee qabeenya humna namaa garaa garummaa irratti hundeefamee akka wali simsiisuun itti fuftuu taasisuu osoon danda'ee natti tola ture. Haalawwan Itoophiyaa biyyoota biraatiin adda taasisan irratti akkasuma. Hunda caalaa garaa garumaan kan natti beekamu gama teknolojiitiin. Hojii kiyyaa baayyee barbaachisaa waan ta'eef yoo Itoophiyaa waliin wali bira qabee ilaalu teknolojiin baayyee akka guddatan natti dhagahamaa jira. Ergan itoophiyaa deemee waggoota dheeraa ta'ulleen, jijjiramni hedduun jiraachusaa hiriyyota natti himan qaba. Kanaafan gara fuula duraatti hojii kiyyaa gara Itoophiyaatti isaan booda ammoo gara ardii bal'ootti bali'suuf kana barbaadu. Yeroo baayyee daandiirra waanan ta'uuf nyaata Itoohiyaa argachu hindanda'u. Garuu yeroo kamiyyu yoo gara Vaankuvariitti deebii'u haatii kiyya hijjattee waan na eegduufiyyuu baayyee hinrakkadhu. Kanas ta'ee sana ani nama ciree jaalatuudha. Waanan jaaladhuufi waan madaalamaa cireedhaaf nyaachuun akka na gammachisuu omtu na hingammachiisu. Hunda caalaa nyaata Egiil Beendik jedhamuufi killeefi qurxummii irra hojatamu cireedhaaf soorachuu jaaladha. Haalan yeroo baayyee yoon xiyyaaraan imalu karaa foddaatiin argu kanadha Yeroo baayyee foddaan ittiin yaadaan imalu baayyee dhiphoo natti fakkaata, sababii foddaan xiyyaaraa xiqqoo ta'eefu. Yeroo hunda waanan imala killeensaa irra ta'uuf kallattii ilaalcha kiyyaa barame tuuta urriiti. Jireenyi akkanaas kan namoonni baayyeen hawan osoo ta'ee jiruu, garuu kan hundaaf hinkennamne ta'u nan hubadha. Ani baayyee gamadaadha. Kana akkan murteessu kan na taasisee ammoo erga balaan konkolaataa jireenya kiyyatti cimaadha jedhu na mudateen booda ture. Konkolaataan deemu baayyeen jaaladha ture. Bahaa gara dhiyaatti, Kaabaa gara Kibbaatti konkolaachisaa magaalaan hin argiin hinturre. Garuu balaan sun akkan waan baayyee yaadu na taasiseera. Akkan dhaabbadhee waa'ee jireenyaafi eenyummaa kiyyaa yaadu na taasiseera. daqiiqawwan muraasa keessatti jireenyi ilma namaa gutummaatti geedaramu akka danda'u hubadheera. Kanaafan eegaa hojii gammadaa ta'uun jiraadhu hojachuun qaba jedhe yaaduun jireenya adda hincinneefi kan geedaramu hojachuu kanan eegale. Osoo battalaan bakkan jiruu gara Itoophiyaa deemu kanan danda'u ta'ee hiriyyoota kiyyaa yeroo ijoollummaa jidduufi mana barnoota na guddisee Liisee Gabramaariyaa keessatti ofi arguun hawwa. Kiristiin Yohaannisitu dubbise. Odeessa Qubsuma Koo kutaa itti aanu argachuuf: "Jireenya rakkisaa kan taasisu aadaasaaniiti"
46969335
https://www.bbc.com/afaanoromoo/46969335
Aadaa: Abbaa Gadaa Gadaa Hawaas Abbaa Gadaa Karrayyuu tahuun baallii fudhatan
Sirna baallii walitti dabarsuu Gadaa Karrayyuu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee taasifameen, Gadaa Hawaas Abbaa Gadaa Karayyuu tahuun baallii fudhatan .
Sirna iddoo Xuxxuuxii jedhamutti geggeeffamaa jiru kanarratti waggaa saddeetiif kan aangoorra ture Gadaan Meelbaa Gadaa michilleetti baallii dabarsee kenna. Abbaan Gadaa Karrayyuu amma aangoorra jiru Hawaas Roobaa abbaa Gadaa haaraa Gadaa Hawaasitti har'a baallii dabarsaniiru. Sirni baallii walitti dabarsuu kun kaleessarraa eegalee kan geggeeffamaa jiru yoo ta'u, tuutni Gadaa Meelbaa Galma 127, karra 127 fi foduu 127 ijaaruun sirnichaaf qophaahaa turan. Firrii fi ollaan gumaata qabatanii bakka jilaa kana qubatanii bulan. Abbaan Gadaa Hawaas Roobaa, Hawaas Boruutti baallii dabarsaniiru Faaruun jilaa amayoo (faaruu dubartootaa) jedhamuu fi dambaleen kan Warra dhiiraa jila kanarratti ittiin faarfatan halkan ittiin dhiichifamaa bule. Kormi buttaas ganama barii kan qalame yoo ta'u Gadaan aangoo dabarsu Meelbaan korma Gururaa erga qalatanii booda mataa buufatanii (rifeensa haaddachuu) sirni baallii walii dabarsuu kun gaggeeffameera. Sirna baalli dabarsuu abbootii gadaa Oromoon Karrayyuu gosoota gurguddoo lama kan qabu yoo ta'u, Dullachaa fi Baasoo jedhamu. Dullachi hangafa yoo ta'u baasoon quxusuudha. Karrayyuun ardaalee jilaa sirna Gadaa itti gaggeeffatu Tarree Luugoo fi Tarree Leedii jedhaman qaba. Kan baallii dabarsee fi fudhate Bakkeewwan kun lamaan bakka murtiiwwan gurguddoon itti darbuu fi heerri ittiin bulmaataa itti tumamu waan ta'eef kabaja guddaa qabu. Haaluma kanaan gosti Karrayyuu Baasoo Tarree Leediitti, Warri Dullachaa ammoo Tarree Luugootti gaggeeffataniiru.
oduu-42091337
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42091337
Minaangagwaan dimookiraasii haaraa keessatti' carraa hojii fiduuf waadaa seenan
Hogganaan Zimbaabwee teessuma pirezidantii koruuf jedhan Emersoon Minaangagwaa baqarraa erga deebi'ani booda biyya isaaniitti 'dimookiraasiin haaraa' mul'ate jedhan.
Emersoon Minaangagwaan lammiileen waan hojjetan akka argatanif nan hojjedha jedhan Biyya tilmaamaan harki 90 waan hojjete buluu dhabe keessatti carraa hojii fiduuf waadaa seenaniiru. ''Diinagdee keenya guddisuu barbaanna, nageenya, hojii fi hojii barbaanna,'' deeggartoota isaanii Haraareetti simatanif dubbataniiru. Obbo minaangagwaan torban lama dura gara Afrikaa Kibbaatti imalani kan ture yoo ta'u gaafa Jimaataa pirezidantii Zimbaabwee ta'uun muudamu jedheera televijiniin biyyatti. Aangoo irraa buufamuun isaanii dhaabni siyaasaa Zanu-PF fi waraanni gidduu akk seeenu gochuun bulchiinsa Mugaabee waggaa 37 akka goolabamu taasiseera. Deeggartoota isaanii waajjira muummee dhaaba siyaasaa Zanu-PF keessatti taasisanin yeroo hedduu isaan ajjeesuuf yaaliin akka taasifame dubbatani waraanni 'adeemsa' Mugaabee aangoo irraa buusuu nageenyaan waan keessa baheef galateeffatan. Roobart Mugaabeen waggaa 37 booda gaafa Kibxataa aangoo waan gad-lakkisanif biyyatti keessa dhichisatu ture. Xalayaan isaan af-yaa'ii paarlaamaa biyyattiif ergan himanni isaanirratti baname akka citu taasiseera. Aangoon karaa nagaan akka darbuuf aangoo gadi-lakkisuu isanii fi murtee dhuunfaa isaanii ta'u Mugaabee ibsaniiru. Dubbii himaan Zanu-PF akka jedhanitti abbaan umurii 71 Minaangagwaan yeroo bulchiinsaa Mugaabee hanga Fulbaana 2018'tti aangoo irra turu. Maqaa masoo ''naacha'' jedhamu kana qaban Minaangagwaan pirezidantii Afrikaa Kibbaa Jaakob Zumaa waliin wal arganiiru.
oduu-46113486
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46113486
Feesbuukiin jeequmsa maaynamaar hammeessuuf fayidaarra oolera jedhame
Feesbuuk gabaasa sarbama mirga namaa fi jeequmsa Maynamaariif haala mijataa uumeeraa qeeqa jechuun irratti ka'ee akka fudhatu beeksiseera.
Maynemaariif feesbuukiin intarneetadha Feesbuuk mataan isaa qorannoo bilisaa baasii isaa danda'uun qorachiiseen bu'aa qorannoo sarbamni mirga dhala namaa akka babala'atu ''carraa gaarii uumeera'' jedhuun nan waliigala jedheera. 'Fake News' yaaddoo fayyadamtoota Miidiyaa Hawaasummaa Biyya Feesbuukii baati tokkoof uggurte Bu'aan qorannoo kun ifa kan ta'e dhaabbatni biyyoota gamtoomanii haleellaan gosa Rohiingaarratti raawwate gocha duguuggaa sanyiin gadi miti jechuusaatiin booda. Filannoo bara 2020 dura Feesbuuk gocha akkanaa haala itti to'atu wayii barbaaduu qaba jedha bu'aan qorannoo kun. Feesbuuk Maaynamaar keessatti maamiltoota miiliyoona 18 qaba. Hedduu isaaniitiifis waltajjii odeeffannoo ittiin argataniifi dabarsan isa ijoo dha. Akka qorannoo kanaatti hojiiin miidhaa feesbuukiin mudatu hambisuuf hojjetame jiraatuus kan osoo hin hojjetamiin hafe jira jedheera. Bara darbe qamoleen nageenyaa maaynemaar haleellaa hidhattootni Rohiingaa poolisii biyyattiirratti raawwatan hordofee bananiin heddun du'anii kaan qe'ee isaaniirraa baqataniiru. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin Feesbuuk ergaalee jibbinsaa feesbuurratti raabsaman to'achuuf rinciceera jechuun erga komatamee qo'annoo kan qorachiise. Baha Afriikaatti duulli oduu sobaa hambisuu eegalame Hin dogoggoriinaa: Dhugaa sobarraa adda baafadhaa Qorannoon dhaabbata 'Business for social Responsibility' jedhamuun qoratame kun Feesbuukiin Maaynemaar keessatti ergaale jibbinsaa tamsaasuufi miidhaa geessisuuf fayidaarra oolera jedheera. ''fayyadamtootni muraasni feesubuukitti dhimma bahuun dimookrasii quucarsuufi walitti bu'iinsa afarsaniiru'' jedheera. Feesbuuk akka dhaabbataatti imaammata ergaalee jibbinsaa ittisan qabachuu qabas jedhameera. Filannoo biyyattii waggaa lama booda taasifamuufis dursee qophaa'uu qab jedhameera.
oduu-51640256
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51640256
Fayyaa: Namoota 'qufaa hamaa' qabaniif qoricha abdii kennu
Addunyaa irratti namoota miliyoonaan lakkaa'aman qufaa hamaa yeroo dheeraa namarra turuufi humna nama dhabsiisuun rakkataniif abdiin jira jedhe qorannoon haaraan tokko.
Guutuu addunyaatti ga'eessotni dhibbeentaa 10 ta'an qufaa hamaa ta'e ka'umsi isaa hin beekamneen rakkatu. Gariin kan dhibeen kun ganna 10 ol irra turu yoo ta'an amma dura qorichi ykn yaaliin kana fayyisu hin turre. Qorattoonni yuunivarsiitii Maanchiistar yaalii mallattoo dhibee kanaa haalaan hir'isuu danda'e argataniiru. 'Abdii kan namatti horu' Akka ogeeyyiin kun jedhanitti qorichi haaraa 'Gefapixant (MK-7264)' jedhamu mallattoolee dhukkuba qufaa hamaa haalaan hir'iseera. Namoonni qufaa hamaa qaban garuu dhukkuba kaan irraa bilisa ta'an 253, kan jiddugaleessaan waggoota 14.5 oliif yaalii adda addaan fayyuu hin dandeenye qoricha haaraa kana yaalaniiru. Namoonni kunneen qoricha 'Gefapixant' jedhamu kana guyyaatti yeroo lama guyyoota 84'f fudhataa turan. Osoo qoricha kana fudhachuu hin eegaliin sa'aatii tokko keessatti al 24 hanga 29 qufa'u turan. Torbee 12'f yaalii kana erga fudhataniin booda jiddugaleessan sa'aatiitti al 11 qufa'u. Miidhaa qabaachuu malu Waggaa waggaan namoota qufaa hamaa qaban akka yaaltu kan dubbattu Dr Gabri'eelaa Maakawulaay, yaaliin haaraa argame kun jireenya namoota dhibee kanaan dararamanii kan jijjiirudha jetti. Haa ata'u malee qorichi kun sirnaan hin fudhatamu yoo ta'e miidhaa qabaachuu akka malu akeekkachiifti. Balaa kan qabaatu qorichi kun namoota qufaan isaanii maloota biraan yaalamuu danda'uuf yoo kenname humnaa ol ta'uu danda'a jetti. Haala qorannoon kun itti qoratamerraas shakkii qabaachuu dubbatti. Akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti namni kamuu yoo qufaan torbee sadii ol irra ture hakiima bira dhaquu qaba. Qufaan yeroo dheeraa namarra turu mallattoo dhukkubawwan biroo ta'uu danda'a.
oduu-46177428
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46177428
Abbaa Alangaa: Finfinnee keessatti shakkamtoonni manneen hidhaa dhokatoo torba keessatti dararamaa turan
Abbaan Alangaa Federaalaa dhimma hooggantoota olaanoo mootummaa sarbama mirga namoomaa fi malaammaltummaan shakkamanii tibbana qabaman fi qabamaa jiran irratti gaazexeessitootaaf ibsa kennee jira.
Abbaan Alangaa Federaalaa Obbo Birhaanuu Tsagaayee qorannoo ji'oota shanii ol fudhateen hooggantoota olaanoo fi ogeessoota 63 to'annoo jala oolchu isaani himaniiru. Namoota shororkeessummaan shakkamanii to'annaa jala oolaa turan irratti aanga'oonni Ejansii Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa dhiittaa mirga namoomaa raawwataa turuu isaaniis himaniiru. Shakkamtootni gara poolisii yookin iddoo turtii seera qabeesaaatti osoo hin geeffamiin dura manneen hidhaa seeraan hin beekkamne fi dhokatoo ta'an keessatti hidhamaa turan jedhan Obbo Birhaanuun. Manneen hidhaa dhokatoo kunneen keessattis shakkamtoota reebuufi dararaa adda addaa irraan gahuun yakka raawwachuu isaanii akka amanan taasifamaa ture jedhan. Shakkamtootni kunis yeroo baay'ee konkolaataa ambulaansiin geejibsiifamaa turan jechuun Obbo Birhaanu himaniiru. Namootni miseensa dhaabbilee siyaasaa ta'an miseensummaa dhaabbilee siyaasaa keessaa akka bahan dhiibbaan irratti taasifamaa ture kan jedhan abbaan alangaa federaalaa kun, shakkamtootni meeshaa waraanaa kan isaanii hin taane 'kan kooti' jedhanii akka mallatteessan taasifamaa akka tures qorannaan arganneerra jedhan. Namootni manneen hidhaa dhoksaa kunneen keessa turan shiboo elektriikiin reebuu, fiixee qaama hormaataa isaanii piinsaadhaan harkisuu, ifa aduu akka hin argine gochuu, sadafii meeshaa waraanaan reebuu, bosona keessatti qullaa gatuu fi gochaalen biroo irratti raawwatamaniiru jedhan. Gochaaleen kunneen shakkamtoota irratti raawwatamuu isaaniitif sanadootni fi ragaaleen garaagaraa argamuus Obbo BIrhaanuun himaniiru. Gochaalee kanaanis namootni miidhaawwan qaamaa garaagaraaf saaxilamaniiru, kan ajjeefaman fi eessa buuten isaanii dhabames akka jiran irra geenyeerra jedhan. Gochaaleen kunneen hoggantoota Ejansii Odeefannoo fi Tika biyyaalessaan akka hojimaata sirriitti fudhatamanii qajeelfamni itti kennamee ittiin hojjetamaa turuus Obbo Birhaanu ibsa kennanin himaniiru. Manneen namoota shororkeessummaan himatamanii keessatti meeshaaalee waraanaa fi asxaawwan ofiif olkaa'uun akka mana isaanii keessaa argame fakkeessuunis gochaalee hojjettoota ejansichaan raawwatamaa turan keessaa akka ta'es himaniiru. Hooggantootni fi ogeeyyiin ejansichaa dhiittaa mirga namoomaa kunneenin shakkaman 36 to'annaa jala oolaniiru jedhan. Abbaan Alangaa Federaalaa haleellaan boombii Waxabajji 16 MM Abiy Ahimad ajjeesuu irratti fuulleffate hogganaa ejansichaan qindeefamuusaas himaniiru. Xiyyaara shan, Doonii lama...'METEC' Malaammaltummaan walqabatee sakkata'iinsa dhaabbilee mootummaa gurguddoo irratti taasifamen, Korporeeshinii Injinaringii Sibiilaa 'METEC' bittaawwan biyya keessaa fi biyya alaa heddu karaa seeraan alaatiin raawwataa ture jedhameera. 'METEC' fi ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa ilaalchisuunis ogeeyyii qindeessuun qorannoon taasifameera jedhan. Qorannoon malaammaltummaa dhaabbata 'METEC' irratti taasifame, qoranoolee malaammaltummaa biroorraa adda kan taasisu qoranichi shakkamtoota to'annoo jala osoo hin oolchiin dura taasifamu isaati jedhan. Bu'aalee qorannoo argaman ilaalchisee 'METEC' birrii biiliyoona 37 oliin dorgommii caalbaasii malee biyya alaatii bittaa raawwateera jedhan. Adeemsi bittaa kun hariiroo faayidaa dhuunfaafi firummaan kan raawwatame ta'uus himaniiru. Bittaan kun gatii meeshaalee hanga dachaa 400tti guddisuun kan raawwatame ta'uus qorannoon argamuu himaniiru. Namootni adeemsa bittaa kana keessatti hirmaachaa turan, qabeenya guddaa biyya biraatti akka dhokatu taasisaniiru jedhan. Bittaan biyya keessaas dhaabbilee hoogganoota 'METEC' walin hidhata michummaa fi firummaa qaban irraa caal-baasii malee raawwatame jedhan Obbo Birhaanuun. Akka fakkeenyaatti dhaabbata tokko irraa caal-baasii malee birrii biiliyoona 205'nin bittaan raawwatamuu himaniiru. Dooniiwwan lama Abbaay fi Andinnat jedhaman waggoota baay'eef tajaajiluu isaaniirraa kan ka'e faayidaa kennuu hin qaban jedhamee dhaabbata biyya alaaf wayita gurguramuf jedhutti 'METEC' sibiila dooniiwanii caccabsee fayyadamuuf gaaffii dhiyeessee dooniiwwan lamaan bituu himaniiru. Boodas dooniwwan kanneen caccabsee sibila isaa itti fayyadamuu dhiisuun dooniwwan kanaan hojii daldalaa seeraan alaa hojjechuun maallaqa doolaara kuma dhibba shan galii argatullee maallaqichi mootummaaf galii hin taanes jedhaniiru. Kana malees bittaawwan xiyyaaraa fi hoteelootaa irrattis yakkawwan hojjetamusaani abbaan alangaa federaalaa himan. Dhaabbatichi xiyyaara tajaajilaa ala ta'an shan kaampanii biyya Israa'el irraa bitee Afran isaanii hojiin ala ta'anii dhaabatani kan jiran yoo ta'u tokko eessa akka jiru hin beekamu jedhan Obbo Birhaanuun. Yakkawwan malaammaltumaa kunneenin walqabatees namootni 27 to'annoo jal oolaniiru jedhan. Yakkawwan kunneenin walqabate shakkamtootni biyya keessatti dhokatan fi gara biyya biraatti baqatanis ni jiru kan jedhan Obbo Birhaanu Tsagaaye hojiin namoota kunneen to'annoo jala oolchus hojjetamaa jira jedhan. Kanneen biyya keessa bakka garagaraa dhokatanii jiranis to'annoo jala akka oolfaman himaniiru. Kan biyya alaatti argaman to'annoo jala oolchuuf biyyaalee keessa jiran waliin dubbataa jirra, biyyaaleenis dabarsanii nuuf kennuuf waadaa galaniiru jedhan Obbo Birhaanuu Tsagaaye. Yakkawwan kunneenin walqabatee konkolaataawwan, kaartaan manaa, eyyamawwan daldalaa, meeshaaleen waraanaa fi sanadootni biroos to'annoo jala oolaniiru jedhan. To'annaa jala oolun namoota kunneeni dhimma sabummaa namootaa walin hidhata kan hin qabne akka ta'es Obbo Birhaanu Tsagaaye himaniiru. Yakkamtoota kanneen qabanii seeratti dhiyeessuuf hawaasni akka tumsus gaafatanii jiru.
oduu-42098071
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42098071
Liibiyaa keessatti "yeroo sadi na gurguratan"
Haaruun Ahimad dargaggoota kumaatama biyya itti dhalatan Itoophiyaa irraa Sahaaraa qaxxaamuruun gara Liibiyaatti - achii gara Awurooppaatti baqatan keessaa isa tokko.
Liibiyaa keessatti "yeroo sadi na gurguratan" Dargaggeessi ganna 27 fi wayita ammaa biyya Jarmanii jiraatu Haaruun, osoo achi hin gahiin akkamiin yeroo sadi akka gurgurame, reebichaa fi dararaa irra gahe BBC'tti himee jira. Seenaan isaa kunooti. Godina Baalee aanaa Agaarfaatti dhaladhee guddadhe. Kanan biyyaa bahe bara 2013 ture, akkuman biyyaa baheen gara Sudaanittan imale. Sudaan waggaa tokkoof baatilee muraasa ergan turee booda, namoota kaan waliin dallaalaaf doolaara dhibba jaha mata mataatti kaffallee Sudaan irraa kaane. Hanga daangaa Liibiyaa, Masirii fi Chaad, bakka itti namoota wal jijjiiraniitti guyyaa jaha deemne. Konkolaataa tokko nama 98 taanetu yaabbanne. Sahaaraa keessatti warra karaarra dhaabatee meesha ati qabattee deemtu si sakatta'utu jira. Kan qarshii qabu, kan warqii qabu mara ni saaman. Nyaata kan qabannee baanee waan qabnuuf fayyadamaadhuma turre garuu dhiphiina guddaatu ture, namni walirra taa'a, aduun isaas hamaa ture. 'Kan ilmaan namaa hin fakkaanne' Akka kanaan Sudaanii baanee daangaa bakka itti nama wal jijjiiran yoo geenyu shiftaan nu butte. Warra Liibiyaa nu fuudhuu dhufanis nus nu qabanii nuun kutan gara Chaad. Guyyaa lama Sahaaraa keessa nuun deemanii bakka kaampii isaaniitti nu geessan. Warri kuni meeshaallee ni qabanii, afaan arabaas afaan biroos ni dubbatu, warruma Sahaaraati shiftaa dha. Sana booda konkolaataa fidanii warri doolaara kuma 4 kafaltan qofti koraa, warri kaan asumatti hafaa nuun jedhan. Sahaaraa keessa, bitaa mirga waa takka hin agartu. Amma waluma mari'annee bakka fedhaniin nu haa deeman jennee, ni kafalla jennee konkolaataa korre. Ammas Sahaaraa guyyaa sadii erga deemnee booda kaampii bakka itti nama gurguratan geenye. Nyaataa waan of harkaa fixneef, bishaan kubbaayyaa takka takka waliin gahaatuma achi geenye. Bakka itti nu gurguratan gaafa geenyu, warri Sahaaraa nu qabee dhufe jara achiitti nu gurguratee isaan kaampii waan qabaniif, nama biraa barbaaddatuu of duuba deebi'an. Achi ilmaan Sumaalee kan ji'a shan ji'a jaha achi taa'etu jira; kan ilmaan namaa hin fakkaanne. Warri shiftaa irraa nu bite sun doolaara kuma afur afuriin isin binne qarshii kana kafaltan malee asii hin baatan nuun jedhan. Achitti bishaan ho'aa gaaza itti naqanii sitti kennan, akka garaan si gubatee daftee maallaqa kafaltu. Nyaata guyyatti al takka si dhamdhamsiisan. Sanirraan kan hafe halkan halkan si tuman. 'Tun Kaleeyyuu hin qabdu' Kan waliin achi turre Somalee fi Eertiraalleen ni jiru, jarri dalaallallee waan qabaniif qarshii san kafalanii bahan. Ilmaan Oromoo achi turre nama 32, nuyi silkiin illee nuu bahuu diddee, qarshiis waan dhabneef ji'a lamaafi guyyaa 20 achi turre. San booda isin nama maallaqa kafaluu miti isin gurguranna jedhanii gabaa biraa nutti yaaman. Nuyi ji'a lamaa ol waa hin nyaanne, namni foon hin qabu lafeetti waan deebii'eef, warri bitu hin barbaannu tuni kaleeyyuu hin qabdu jedhee nu dide. Achii booda namni biraa magaalaa Liibiyaa Sabaa jedhamturraa dhufe, konkolaataa dhaabee anatu isin bitaa doolaara kuma sadi sadiin sin bita nuun jedhe. Achi turuu caalaa wanti hammaatu hin jiru jennee konkolaataa isaa korre. Achitti nama hedduutu nu biraa du'e, namni bakkuma ciisetti hafa. Guyyaa afur erga nuun deemee booda magaalaa Sabaa nu galche. Sabaa sana keessatti waan ilma namaa irra hin geenyetu nurra gahe. Feestaala fuulatti nu hidhanii harka duubatti nu hidhanii hanga hafuura baafachuu dadhabnuutti nu tuman. Barmeelatti bishaan guutanii harka duubatti nu hidhanii ol fuudhanii keessa nu buusan. Uffata nurraa baasanii shiboon dugda keessa nu tuman. Akka kanaan ji'a tokkof osoo nu tumanii, silkiis maatiitti bilbillee, kan maallaqa argates walitti boonyee doolaara kuma sadi sadi sana kafallee achii baane. Achii baanee gaafa jennu akkasuma tokko ammo qabee magaazanatti nu naqee kuma tokko tokko kafaltan malee hin baatan nuun jedhe. Achittis akuma duraatitti nu tuman, albee qabatanii albeen nu eegan. Achii booda kuma takka sanallee akkasuma ijoolleetti boonyeetuma, maatiinillee lafas waan qabu mara gurguree qarshii nuuf erganii kafallee achii baane. 'Baqattummaa' San booda magaalaa Tiraabiloos jedhamtu galle. Sun magaalaan xiqqoo fooyyee ni qabdii, bakka baqattoonni itti galtu takkatu jiraa, achi gallee waa daddalaganneetuma sana booda bahaara ofuma kafalannee ceene. Bahara irra wayita deemtullee yoo si qaban mana hidhaa si geessanii, achii abbaan qabeenyaa dhibba shaniinillee taatu poolisoota irraa si bitata. Bahara irraan Italii galee, achii booda Jarmanii gale. Amma erga Jarman galee waggaa lama. Waraqaallee argadhee. Galata rabbi akka gaariitti jira garuu wantin keessa darbe daran na gaddisiisa. Yoo dhugaa dubbanne ani biyyaa kanan bahe, qabeenya illee dhabee osoo hin taane sammuuma dhabiinsatu na baase. Barannus bakka tana gahuu ni dandeenyaa. Osoo dalagannees bakka tana gahuu ni dandeenyaa garuu yeroo sana namni deddeeme jedhaniituma, siyaasi biyyaalleen mataa akka ol qabattu sin godhu, cinqamatu biyyaa na baase. Ijoollee waliin turre keessa tokko achitti awwaalle, lama magaalaa Sabaatti gargar baane lubbuun jiraachuu isaanii hin beeku. Mucattii takka bishaantu nyaatee. Kaawwan inuma quba wal-qabna.
oduu-52570835
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52570835
Koronaavaayiras: Keeniyaatti lolaan namoota 200 galaafate
Ji’a darbe keessa Keeniyaatti roobni cimaa erga eegalee booda lolaafi sigiga lafaan lubbuun namoota 200 darbeera.
Lolaa Keeniyaa Sababiima rooba kanaan namootni 100,000 ta’an ammoo qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru. Ibsi pireezdaantii akka jedhutti, midhaan lafa heektara kumaatama hedduutti tilmaamamu lolaa kanaan midhaan manca'eera. Roobni cimaan kun turban hedduuf walitti fufinsaan roobaa kan tureefi ammallee itti fufee kan roobu ta'uu raagamaa jira. Sodaan hidhaa gurguddoon lama cabuu danda’u jedhus jira. Namootni hidhaa kunneen gaditti jiratan mana isaani gadhiisani bakka ol ka'aa ta'e akka barbaaddataniif itti himameera. Mootummaan Keeniyaa carraaqqii dhibee koronaavayirasii lubbuu namoota 26 galaafate ittisuuf taasifamaa jiru kana hammeessuu mala jedheera. Balaan lolaa tibba kana Afrikaa Bahaatti mul'achaa jiru kun namoota hedduu buqqaasuun, qabeenya hedduus mancaaseera. Kiiloomeetira hedduu fagaatee biyya Awustiraaliyaatti ammoo ho'a gara malee uumameen balaan ibiddaa namoota, lubbu qabeeyyii bosonaafi qabeenya namaafi uumamaarraan hubaatii cimaa geessiseera. garba Indiyaa gamanatti balaa lolaa, garba Indiyaa gamatti ammoo balaa ibiddaadha. Akka qorattoonni jijjiirama naannoo jedhanitti lolaa hamaas ta'e ho'i gara malee toa'nnoo dhala namaan ol ta'an uumamaa jiran kunneen sababii jijjiiramni haala qilleensaa daran hammaachaa deemuutiin.
oduu-49984019
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49984019
Bayyanaa Sanbatuu: 'Osoo uummata kanaaf agabuu oolee bulee hojjedhuun galata dhabe'
Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sambatuu turtii BBC waliin taasisaniin, ''hagabuu oolee bulee osoon hojjedhuun galata dhabe, kanaafin Irreecharraa hafee'' jedhan.
'Osoo uummata kanaaf agabuu oolee bulee hojjedhuun galata dhabe' "Tokkoffaa Irreecha Hora Finfinnee kana 2006 irraa jalqabnee kan itti qabsoofnee Irreechi Hora Finfinnee akka kabajamu kan qabsaa'aa bahe hayyoota keenya dabalatee abbootii Gadaafi nu'i," jedhan. Yeroo sana Ministira Muummee kan turan Obbo Hayilemaariyaam Dessaaleny waajjira isaanii deemanii haasofsiisuun bakka Irreechi hora Finfinnee turellee akka hubachiisanis ni yaadatu. "Bakka Irreeffanna kana isinii kennina, biyyuu keessani Giyoonii hanga Addabaabayii Masqalaa, naannoo Filwuhaa kuni akka isinii kennamu nuun jedhanii turan," jedhu Hayyuu Bayyanaan. Yeroo sanatti erga waan hunda heeyyamaniin duubatti bakka sanattii irreeffanna jennaan ' yeroon kuni rakkoo guddaadha. Yoo namni asgaragale uummata asii kana nidammaksa mee nuuf tasgabbaa'aa nuun jedhani" jedhu. Irreechi Hora Finfinnee kuni akka deebi'uuf hojjennee hojjennee waan galata dhabneef Irreechas hafnee mana oolle jedhan Hayyuu Bayyanaa sanbatuu. "Ani alangeen eebbise malee Oromummaa kiyya hin eebbisne. Oromummaan keenya nurra jira. Abbaan Gadaa tokko yoo Gadaasaa wagga saddeet hojjetee xumure kabaja qaba malee salphina hin qabu." "Nutimmoo qe'ee keenya dhiisnee kan Gadaan nutti kennite sanaaf jechan yeroo Roobalee irraa kaasee wagga 16'n hojjedhe. Yoo Laggasaa Nagawoo abbaa Gadaa ture ani maallaqa qabaa ta'een hojjedhe." Oromoon yeroo sirni Gadaa jalaa laafee turetti itti ifaajnee sirni Gadaa kuni akka cimuuf itti dadhabeera jedhu hayyuu Bayyanaa Sanbatuu. "Ammammoo waan hojjenneef Galata dhabeen duula badaatu narratti baname. Akka Gadaa keessaallee bahee ilmi kiyyallee hin Goodanne nagodhan osoon homaa hin balleessin. Uummata kanaaf baayyeen hojjedhe, yoon uummata kana miidheras ta'emmoo dhiifaman Gaafadha" jedhan. Tokkummaa Oromoo fi sirna Gadaa cimsuuf jecha aarsaa guddaa kanfaluus ni himu. "Bara 2008 mana kiyya irratti boombii darbanii qorqoorroo 24 diigan. Yoo isarratti tarkaanfii fudhanne waan hojjechaa jiru kana nidhiisa jedhaniiti. Boodammoo Irreecha Hora harsadii irratti miidhaan nurra gahe. Kuni hundi yaadatamuu dadhabe" jedhan. Irreecha baranaa irraa kan hafanis sababuma dhamaatiin isaanii wagga dheeraa galata dhabeef ta'uu himu. "Edaa uummata kanaaf hojjechuun galata dhabuudhaa jedheetan abbaan muudaa kiyyas abbaan Caffeetis, galata dhabne. Kanaaf garaa qulqulluudhaan Irreecha deemu malee, uummata kana wajjin duune malee maal goone jenneet mana keenyatti hafne" jedhan. Irreecha Hora Finfinnee hafanii mana isaanii ooluu kan himan hayyuu Bayyanaa, Irreecha Hora Harsadii ammo erga irreeffattoonni galanii galgala dhaqanii maatii isaanii waliin Irreeffachuu himan. Araara Abbootii Gadaa Tuulamaa Waldhabdeen abbootii Gadaa Tuulamaa gidduu ture dhuguma araarri bu'eeraa jennee gaaffii gaafanneefis. "Irreechi haa darbu jenneetuma obbo Shimallis Abdiisaatis na waamee dhiisi jennaanin kabaja isaanitiif tole jedhe malee dhugaan kiyya hin argamne," jedhan. Araarri bu'e jedhame kunis Irreechatti deemaa wan jirruuf nagaa buusaa isin hunduu jedhameetuma cufamee irra darbame malee kan balleessetti muramee xumura hin arganne jedhan. "Irreecha kana hin jeeqnu nuti hayyoota jedheetan ofumaa harka fuudhe malee, yookan dhugaa hin galchine yookan dhugaa hin fudhanne. Keessi keenya garuu ammayyuu madaadha. Dhugaadhaanii miti kanin araraame ani," jedhan. Gara fuula duraatti garuu dhugaan argamee araarri akka bu'uuf fedhii akka qaban himan. Hojii fuula duraa Hayyuu Bayyanaa Sanbatuu muuxannoo sirna Gadaa irratti qaban kanaan, sirnichi daran dhaloota ammaa kanan akka baratamuuf 'Koolleejjii Gadaa' banuuf hojii eegaluu himan. "Koolleejjii Gadaa banuufan ijaarsisaa jira. Abbaa Gadaa keessa darbee muuxannoo waanin qabuuf. Koolleejjii kana banee ijoolleen teenya tuni waa'ee Gadaa haa barattu, dhaloonni lafaa dhufu kuni akka sirritti beekee hubatu gochuufin kaayyeffadhe," jedhan. Ijaarsa koolleejichaa jalqabuu fi heeyyama isaatiifis adeemsarra jiraachuu Hayyuu Bayyanaan BBCtti himan.
oduu-44367216
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44367216
Itoophiyaan waliigaltee Aljeersi hojiirra oolchuuf
Koreen Hojii raawwachiiftuu ADWUI walgahii idliee isaa har'a eegaleen, wal diddaa Itoophiyaafi Ertiraa jidduu tureef furmaata waaraa kennuuf jecha waliigaltee Aljeersiifi urtee Komishiinii Daangaa akka fudhatuu ibseera.
Walididdaa ummattoota obboolota biyyota lameenii jidduu ture hiikuun nageenya walitti fufiinsa qabu uumuuf waamicha daabarseera. Wal waraansi ALI bara 1990tti eegalee tures, walitti bu'insa daangaa biyyoota Afriikaa kamiyyuu caalaa kan gama lamaaniinu lubbuu namoota hedduu galaafate ta'u kan eere ibsichi, kanneen kumaatamaan lakkaa'amanis naannoo daangaatii buqqaafamaniiru. Walumaagalattis, waggoota 20 darban keessa ummattoota gama lamaan irrayyu dhiibbaa dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa bal'aan gahusaas himeera. Kanaafuu, walitti dhufeenyi biyyoota lamaan maal ta'u mala? jedhus gaaffii lammiilee Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas kan hawasa addunyaa ta'ee tureera. Wal waraansaaan boodas jaaarsummaa dhabbata motummoota gamtoomaniifi Gamtaa Afriikaatiin waliigalteen Aljeersi taasifamus, waggoottan 20 darbaniif nageenyis ta'e waraanni osoo hinta'iin turaniiru. Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii bakka tureetti deebiisuuf yaaliiwwan garaa garaa taasifamaa turanis bu'a qabeessa hinture kan jedhu ibsichi, amma nageenya dhugaa fiduuf adeemsaafi ejjannoo kana duraatiin adda ta'ee barbaachisa jedheera. Motumooti lamaanu fedhiifi filannoo ummattoota isaaniif eddo kan hinkennine ta'u hinqabaatan. Kana malees, anatu caalaa jechuun ummattoota lamaaniifu kan hinfayyadne kan jedhu ibsichi, qabannaa'uu rakkina siyaasaafi tasgabbii biyyoota gaanfa Afriikaafi naannawa isaaniif walitti dhufeenyi nagaa Itoophiyaafi Ertiraa furmaata ta'a jedheera. Kana ta'u hafusaattis carraawwan biyyoota lameeniifi biyyoota Gaanfa Afriikaatiif faayyidaa hedduun nu darbaniirus jedheera. Kanaafuu ummattoonni faayidaa qofaan osoo hintaanee karaa dhiigaatiin illeen walitti hidhama qaban lamaan kunis bu'aa ummattotaaf jecha motummaan itoophiyaa waliigaltee Aljeersiifi murtee komishinii daangaa gutummaa gutuutti fudhachuun hojiirra olchuuf kan murteesseefi hojiirra olmaasaatifiis murannoon kan hojatu ta'u ibsu barbaada jedheera ibsichi. Kana malees Motummaan Ertiraas haal-duraa tokko malee ejjannoo walfakkaatu fudhachuun waamicha kana fudhatee walitti dhufeenyaafi nageenya ummattoota lamaan jiddu ture deebiisuun itti fufiinsa isaatiifis akka hojatu waamicha taasiseera.
oduu-46257763
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46257763
Keenyaan dhaabbati 'Marie Stopes' akka ulfa hin baasne dhowwite
Mootummaan Keenyaa Dhaabbati Idil Addunyaa 'Marie Stopes' gocha ulfa baasuu kamirrattuu akka hin hirmaanne akeekkachiise.
Marie Stopes Keenyaa keessatti karoora maatii barsiisa Boordiin Ogeeyyii Fayyaa biyyattii qorannoo geggeessaniin dhaabbati kun ulfa baasuu jajjabeessaa jiraachuurratti qeequmsi jiraachuu erga adda baasaniin booda murtee kanarra ga'uu ibsan. Fayyummaan haadha tokkoo rakkoo hamaa keessa yoo gale malee ulfa baasuun Keenyaa keessatti seeraan ala. Dhaabbati Marie Stopes kan jedhu garuu ,hojiin irratti bobba'aa ture ulfa baasuun duratti of eggannoo dubartiin tokko gochuu qabdurratti tajaajila gorsaa karaa seera qabeessa ta'een kennaa turuusaati. Dhaabbati kun karaa garee beeksisaa isaatiin tajaajila ulfa baasuu akka kennu beeksisee ture. Dhaabbata Mootummaa beeksisa kana mirkaneessee dabarsu kan hoogganan Alferd Mutua tarkaanfiin fudhatame sirrii ta'uu fi ulfa baasuu kan jajjabeessaa ture bulchiinsa Ameerkaa duraaniis komataniiru. Lammiileen Keenyaa hedduun ulfa baasuun haala kanaan yoo dhowwame dhoksaadhaaf jedhamee bakkaa bakkatti raawwachuu waan danda'uuf lubbuu hedduu galaafachuu mala sodaa jedhu qabu. Murtee kanaan booda dhaabbati Marie Stopes guyyoota 60 dhufaniif tajaajila kennu hundarratti gabaasa akka dhiyeessu gaafatameera. Mallattoo ulfa baasuu seeraan alaa Qaamolee dhimma fayyaa hawaasaa hedduurraa komii dhagahuu kan dubbatan hoogganaan Boordii Dhaabbata Beeksisaa Mootummaa Keenyaa Alferd Mutia ''beeksisi Marie Stopes kan hin mirkanoofnee fi sadarkaasaa kan hin eegganneedha . Ulfa baasuun hojii sirrii yeroo hunda raawwatamuu qabu akka ta'etti beeksisan'' ''Bulchiinsi Ameerkaa duraanii, warri Dimokiraatis, ilaacha ulfa baasuu deggeruu fi walquunnamtii saalaa, saala walfakkaataa deggeru kan aadaa keenyaan faallaa akka biyya keenya keessatti lafa qabatu hojjetaniiru'' jedhan. Keenyaan biyyoota Commonwealth jedhaman kanneen walquunnamtii saala walfakkaataa mormuun seera baasan 37 keessaa tokkodha.
oduu-51030377
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51030377
Qaasem Solemaanii: Humni waraanaa Iraan hangam jabaadha?
Hogganaan waraanaa olaanaa biyyatti buufata xiyyaaraa Baagdad keessatti Ameerikaatiin erga ajjeefamee booda Iraan haaloo ba'uuf kakatteetti.
Namoota ajjeecha Janaraa; Qaaseem Solemaanii booda jiraniin "haaloo ba'umsa guddaatu isin eeggata," jechuun hogganaan amantaa olaanaa Iraan dubbataniiru. Kanaaf dandeetti waraana Iraan akkamiin beekna? Waaranni Iraan hagam guddata? Akka Dhaabbata qorannoo tarsiimoo idil addunyaatti, hojii humna waraanaa keessa ammatti lammileen Iraan 523,000ttti tilmaaman ni argamu. Kanneen keessaa miseensoti waranaa biyyaa 350,000fi miseensonni Eegumsa Warraaqsaa Islaamummaa (IRGC)150,000 ni argamu. Akkasumas looltooti addaa IRGC 20,000, gartuun bidiruu waraanaatiin naannoo qarqara galaanaa Hormuz kan to'atan jiru. Dabalatanis IRGC'n gartuu Basij tola ooltota ta'an kan waldhabdee biyya keessa hir'isuuf hojjatan ni to'ata. Gartuun kun namoota kumaatamaan lakkaa'aman boobbaasuuf dandeettii qaba. IRGC'n waggooti 40 dura adeemsa Islaamumma Iraan keessa jiru eeguuf kan hundaa'ee yoo ta'u amma garuu humna waraanaa, siyaasafi diinagdee mirga mataasaa qabu guddaa ta'ee jira. Miseesotni isaa kan waraanaa biyya biyyaarra xiqqaataniis Iraan keessatti humna waraanaa aangoo olaanaa qabudha jedhamee yaadama. Waraannishee ishee biyya alaatti sochii akkamii qaba? Humni Qudii Janaraal Solemaniin hogganamaa ture, hojii dhooksaa IRGC biyya alaatti hojachuun kallattiin Hogganaa amantii olaanaa Iraan Ayatolah Komeeniitti gabaasa. Humni kun miseensota jajjaboo 5000 ta'an qaba jedhamee amanama. Gartuun kun Iraaq keessatti humna waraanaa shiyaan to'atamee deeggaruun Gartuu IS injifachuu irratti gargaareera. Haata'u malee Ameerikaan humni Qudii Baha Giddugaleesaa keessatti dhaabbilee US gartuulee shororkeessadha jedhuuf deeggarsaa maallaqaa, meeshaa waranaaafi leejii waraanaa kenneera jedha. Kunneen sochii Hezbollaa Lebanoon fi Islaamik Jihaad Paalestaayiin of keessatti qabata. Rakkoon dinaagdee fi qoqqobbiin adda addaa Iraan meeshaalee waraanaa hedduu akka alaa hin bitanne taasiseera. Biyyootii naannooshee jiran waliin wal biratti yemmu ilaalamu baay'inni meeshaa waraanaa Iraan isa xiqqaadha. Meeshaleen waraanaa Iraan bayyeen Raashiyaa irraa kaan ammoo Chaayinaa irraa galu. Iraan misaa'eelii qabdi? Eeyyee- Daandettiin miisaa'eeli Iraan humna waraanaashee keessatti bakka guddaa qaba. Gabaasni Ministeera Ittisaa US humni miisaa'eelaa Iraan kan misaa'eelota fageenya gabaabaa fi gidduu galeessa of keessaa qabu kan biyyoota Baha Giddugaleessa keessaa isa guddaadha jedha. Sagantaan misaa'eelii fageenya dheeraa Iraan waligaltee nukileera 2015 booda dhaabatte ture. Haala amma waligaltee kanarra jiruun booda garuu deebi'ee eegalun hin oolu jedhamera. Waggaa darbee Caamsaa keessaa yeroo waldhabdeen Iraanii waliin jiru dabalaa dhufetti Ameerikaan meeshaa misaa'eeli offirra ittisu gara Baha Gidduugaleessatti ergitetti. Iraan meeshaa waraanaa nukileera qabdi? Iraan ammatti meeshaa waraanaa nukileeraa hin qabdu, kanaan duras nuukileeraa akka hin barbaadne dubbattetti. Nuukleera waraanaa oomishuuf garuu wantoota barbaachisaniis ta'e ogummaa isaa qabdi. Waligalteen nukileera Iraanfi biyyooti jaha biroo walii mallateeffame, sochii nukleera Iraan irratti daangaa ka'uun qaamoolee idil adunyaa irraa to'annoo itti fideera. Ajjeechaa Janaraal Solemani booda garuu Iraan hojiinshee homaanu akka hin daangeeffamne himteetti. Waggooti dheeraaf qoqqobbiin irra jiraatuus Iraan diroonii omishachuu dandeesseetti. Iraan dandeetti lola intarneetarra qabdii? (cyber-attack) Dhaabbati nukleeraa Iraan bara 2010tti haleellaan interneetaa guddaa erga irra ga'eetii, Iraan dandeetti haleellaa intarneeta ofiidhee eegalteetti. IRGC'n ajaja humna intatneeta ofiisaa qaba jedhamee amanama.
oduu-53170550
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53170550
Dhaabbileen telekoomii 12 Itoophiyaatti heeyyama tajaajilaa argachuuf gaaffii dhiyeessan
Mootummaan Itoophiyaa seektara teeleekomunikeeshinii gartokkoon dhaabbilee dhuunfaaf gurguruu akka barbaadu ibsuu hordofee, dhaabbileen teleekoomii idil-addunyaa 12 fedhii qaban beeksisaniiru.
Dhaabni haala heeyyama kennuu mijeessuuf biyyattiitti hundaa'e, Abbaan Taayitaa Komunikeeshinii Itoophiyaa, heeyyama tajaajila teleekomunikeeshinii dhaabbilee lamaf kennuuf warri fedhii qaban akka galmaa'an ji'a dabre keessa beeksisee ture. Abbaan taayitichaa ibsa guyyaa hardhaa (Jimaata) baaseen, waamicha dhiyaate hordofuun dhaabbilee 12 fedhiisaanii galfachuu ibseera. Dhaabbilee teleekoomii caalbaasii kanarratti hirmaatanis fedhii isaanii odeeffannoowwan gaafataman waliin akka galfatan ji'i tokkoo kennamuufis himame. Dhaabbileen idiladdunyaa fedhii agarsiisan kunniinis biyyoota Afrikaa fi ardiwwan birootti tajaajila telekoomii warreen kennanidha. Qindoomina Idiladdunyaa Itoophiyaaf jedhaman (Vodafone, Vodacom, fi Safaricom), Etisalat, Axian, MTN, Orange, Saudi Telecom Company, Telkom SA, Liquid Telecom fi Snail Mobile dhaabbilee jedhamanidha. Lamaan ammoo sektara telekoomii hin taaneen kan fedhii galfataniidha jedhameera - Kandu Global Telecommunications fi Electromecha International Projects. Abbaan taayitaa kun filannoo dhaabbilee kanaa yoom akka gaggeessu ammatti ifa hin goone. Abbaa taayitaa Komunikeeshinii Itoophiyaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga dhaabni kun hundeeffame Obbo Baalchaa Reebaatin Daarektara Olaanaa Abbaataayitichaa gochuun muudaniiru. ''Hojiin guddaan bara kana keessatti waajjirri kuni ni raawwata jedhamee eegamu tokko oppiretaroota haaraa lamaaf hayyama kennuudha,'' jechuun Obbo Baalchaan BBC'tti himanii turan. Dhaabbanni kuni kan dur turerraa guddatee akka haaraatti kan hundaa'e yoo ta'u itti waamamni isaas Ministira Muummeetiifi. ''Oppiretarootaaf eeyyama kenna, telekominikeeshiniis poostaa irrattis warra hirmaatan eeyyama kenna akkasumas sadarkaa tajaajila oppireetaroonni ummataaf kennan lafa kaa'a,'' jedhan. Dhaabbanni kuni isa mootummaan gabaa telekoomii dhaabbilee biyya alaaf banaa taasise waldorgommiin akka socho'u kan hojjetu yoo ta'u kanaafis qajeelfamoota qopheesseera. Oppireetaroonni eeyyama argatan taarifa itti tajaajila kennan erga dhiheessan booda murtii kan kennu dhaabbata kana akka ta'e Obbo Baalchaan BBC'tti himaniiru. Dabalataanis, oppireetaroonni kaan biyya seenuun isaanii 'Invastimantii telekominikeeshinii babal'isa, qulqullina tajaajilaa ni guddisa, gatiin telekomii ni hir'isa, akkasumas tajaajila intarneetii ni fooyyessa,' jedhan. Dhaabbileen biyya alaa diinagdeen cimaniifi muuxanoo waggaa dheeraa qaban yoo gabaa Itoophiyaa seenan dorgommii keessatti humni Itiyoo Telekoom akka cimu akkasumas hawaasnis tajaajila si'ataa ni argata jedhee yaada mootummaan.
oduu-52545332
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52545332
Koronaavaayiras: Namoota gosa torba yaadaafi odeeffannoo dogogoraa Covid -19 irratti dabarsan
Yaadonni walxaxoon, odeeffannoon dogoggoraafi hamiiwwan waa’ee koronaavaayirasii miidiyaa hawaasummaa dhuunfataniiru.
Garuu hamiiwwan kunneen eenyuutu eegala? Eenyut ammoo facaasa? Kanneen armaan gadii gosa namootaa torba kanneen odeeffannoo dogoggoraafi hamii waa’ee koronaavaayirasii miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiisaniifi facaasaniidha. Namoota qoosaa hojjetan(joker) Yeroo baay’ee yaada namoonni qoosaaf jedhanii miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiisan namoonni biroon dhugaatti fudhachuun deebisanii maxxansu. Fakkeenyaaf UK keessatti namni miidiyaa hawaasummaarratti qoosaa hojjechuudhaan beekamu tokko ‘’mootummaan yeroo namni akka mana turu gorfametti nama irra deddeebiin bakkeetti argame adabeera’’ kan jedhurratti qoosee ture. Namni kun namoonni akka manaa hin bane ittiin barsiisuuf ture kan qoosaa kana maxxanse, miidiyaa hawaasummaarratti ergaa kana namoonni akka qooddatanis dhaamee ture. Yaadi kun namoota qoosaa ta’uusaa hin hubanne biratti yaaddoo guddaa uumeera. Namoonni socho’uufillee daran akka rifatan godheera. Goyyoomsitoota(scammers) Namoonni hedduun odeeffannoo sobaatiin namoota gowwoonsuu akka madda maallaqaatti fayyadaman jiru. Namoonni kunneen akka waan mootummaan murtee dabarsee yookiin tarkaanfii wayii fudhateetti fakkeessanii hawaasa goyyoomsu. Fakkeenyaaf akka qorannoo dhaabbati tola ooltotaa ‘’fact-checking charity Full Fact’’ Bitootessa darbe qorannoo gaggeessetti goyyoomsitoonni akka waan mootummaan maallaqa rakkoo koronaavaayirasiin fide jalaa nama dandamachiisu ramaduuf murteesseetti fakkeessuun ragaa baankii namootaa gaafachaa turan. Guyyoomsitoonni kunneen barreeffama kana ergaa karaa keessatiin erga namootaan ga’anii booda feesbuukiirratti maxxansanii turan, namoonni hedduunis dhugaa se’anii qoodaa turan. Namoota siyaasaa Odeeffannoon nama dogoggorsu miidiyaa hawaasaa qofarraa miti kan dhufu. Aanga’oonni siyaasaas kana keessatti ga’ee guddaa qabu. Fakkeenyaaf torbe pirezidaanti Doonaald Tiraamp ifa aduu yookiin ammoo waan halluu addeessu nama hakkamuun koronaavaayirasii irraa nama dandamachiisuu danda’aa? Jedhanii kan gaafatanii turan waa’ee dhibee kanaa akkaataa addunyaan itti yaaddurraa karaa maqseera. Namni kun garuu boodarra yaadi kennan sun qoosaaf ta’uu ibsan. Garuu akkas jechuunsaanii uummata waan isaan jedhan hordofuurraa boodatti hin deebisne. Tiraamp qofa miti, dubbi himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaas yaada covid 19 US irraa karaa humna waraanaa isaanii Wuhaan seene jedhu gabbisaa deeman, waa’ee argama koronaavaayirasii fi tatamsa’uusaarratti yaadi walxaxaan TV Raashiyaa irratti bal’inaan mari’atamaa ture. Kunneen hunduu hawaasa keessatti yaadota burjaajii uumaa turaniidha. Tiyoorii Shira xaxxootaa(conspiracy theorists) Odeeffannoo dhugaarraa fagaatanii fi hin mudanne akka waan ta’aniitti qindeessuun tiyoorii shiraaf karaa saaqu. Fakkeenyaaf odeeffannoon namni UK keessatti yeroo jalqabaaf talaallii farra covid 19 fudhatte duuteetti jedhu miidiyaa hawaasummaarratti baay’inaan qoodamee ture. Garuu sobadha, uumameeti kan himame. Gaazexeessaan BBC Fergus Walsh jedhamu nama talaallii fudhatte kana waliin akka toora skype’n walargee dubbate tuwiitara isaarratti barreesseera. Inumaa dubartiin talaallii yaalii fudhatte sun wayyooftee akka jirtu itti himuu dubbata. Keessa beektota(insiders) Yeroo tokko tokko odeeffannoon maddeen amanamoo kanneen akka doktaroota, pirofeesaroota yookiin hojjettoota hospitaalaa irraa dhufuu mala. Garuu ragaa qabatamaa fi dhugaa ta’e dhabuu danda’a. Firoota(relatives) Wayita odeeffannoon, akeekkachiisi yookiin of eeggannoon waa’ee koronaavaayirasii labsamu dhugummaa fi soba ta’uusaa osoo adda hin baafatin maatii fi firoota keenyaaf qoodna. Sababni isaas maatiin keenya akka of eeggannoo godhaniif, garuu osoo hin beekne odeeffannoo dogoggoraa dabarsuu dandeenya. Namoota bebbeekamoo(Celebrities) Namoonni bebbeekamoonis iddoo hawaasa keessatti qaban akka carraatti fayyadamuun odeeffannoo dogoggoraa miidiyaarratti dabarsuu malu. Namoonni kunneen hordoftoota hedduu kanneen qaban waan ta’aniif odeeffannoon isaan dabarsan hatattamaan namoota hedduu bira ga’a. Namoota hedduu dogoggorsa.
oduu-49969217
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49969217
Abbaan Murtii, Tiraamp gabaasa gibiraa waggaa saddeetii akka dhiyeessan ajaje
Abbaan murtii, Doonald Tiraamp gabaasa gibiraa waggaa saddeetii qorattoota Niiw Yoorkitti akka galchan ajajan.
Falmii abukaatoon Tiraamp, otoo aangoorra jiranii gibira akka gabaasan hin gaafataman jedhu kuffisaniiru. Ajajichi qorannoo pireezidaant Tiraamp dubartoota lama isaan wajjin hariiroo qabaniif qarshii otoo hin beeksifamiin kaffalame gargaaruuf bahe. Abbaan alangee pireezidantiin Ameerikaa kamiyyuu Jiimii Kaartar irraa eegalee yeroo aangoo qabchuuf jedhutti yookiin aangoorra otoo jiruu hayyaman gibira isaa beeksiseera jedha. Murtoo fuula 75 barreefameen, Abbaan Murtii Viiktar Maareeroo isa pireezidantichi yeroo aangoorra jiru gibira akkan beeksisu hin gaafatamu jedhan, ''akka caasaa mootummaa biyyaafi sona heeraattii fudhatama waan hin qabne'' jedhan. Adeemsa seeraa irraa immoo karaa daangaa hin qabneen bilisa tahuu akka hin dandeenye himan. ''Heerri biyyattii pireezidantiin adeemsa yakkaa bira darbamuu qabu jiraachuufi daangaa akka qabu himaa jedhan.'' Pireezidaant Tiraamp ''ajaji kuni demookiraatotaan waan narratti dhiibamaa jiru dha'' jedhan. Haa tahu malee abukaatoonni pireezidaant Tiraamp ol iyyataniiru. Ajajichis yeroof akka turuufi manni murtii 2nd US Circuit Court of Appeals hayyameera. Ajaji abbaa murtii hin kuffifamu taanaan, abbaa alangee Niiw Yoork ajajicha ogeessoti herreegaa Tiraamp gibira dhuunfaa fi dhaaboota isaanii bara 2011-21018 akka gabaasan taasifamu. Ol iyyannoon Tiraamp yoo kufeyyuu, adeemsi seeraa kuni uummataa akka ifa hin taaneef eegumsa ni kennaaf. Qorannoon kuni kan jalqabame himannaa Tiraamp karaa abukaatoo isaanii Mikaa'el Koohen dubartoota lamaaf- taatoo filmii beekamtuu Istoormii Daani'el fi moodeelii Kaaren Maakdoogul qarshii hin beeksifamne kaffalaniiru, dubartooti kunneen immoo isaan waliin hariiroo qabu kan jedhuuni. Ergasii Tiraamp abukaatoo isaaniif qarshii duula filannoorraa kaffalaniiruu jedha. Kuni immoo dhimma dhoksuu qaban yoo jiraateef ni ilaala. Qorannichi seera duula filannoo cabsaniiru yoo taheefis ni ilaala.
oduu-57006610
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57006610
Abrahaam Balaay (PhD) hojii gaggeessaa Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay ta'uun muudaman
Ministirri Innooveeshiniifi Teeknoolojii duraanii Dr. Abrahaam Balaay ji'oota shanii ol darbaniif bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay hoogganaa kan turan Dr. Muluu Naggaa bakka bu'an.
Lolli Naannoo Tigraay eegalee humnoonni mootummaa Federaalaa naannicha to'achuu hordofee kan hundeeffame bulchiinsa yeroo Naannichaa ji'oota shanii oliif kan hoogganaa turan Dr. Muluu Naggaa ammoo Deetaa Ministiraa Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo ta'uun MM Abiy Ahimadiin muudamni kennamuu waajirri Ministar Muummee ibseera. Abrahaam dhaaba Bilitsiginnaa damee Tigraay keessattis hooggana olaanaa keessaa tokko. Ministira ta'anii wayita turan miseensa kaabinee Federaalaa yoo ta'an, amma ijaarsa hidha haaromsa Itoophiyaa kan gaggeessuu Tajaajila Elektirikii Itoophiyaas hojii gaggeessaa olaanaa ta'uun hooggananii turan. Erga Ministira Ta'aniimmoo walitti qabaa boordii dhaabbatichaa turan. Dabalataaniis walitti qabaa boordii Yunivarsiitii Amboo akka turan miidiyaan biyyaalessaa gabaaseera. Dhaabbilee akka abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Itoophiyaa, Humna Ibsaa Itoophiyaa, Itiyoo Injinariin Giruup, Tajaajila Oduu Itoophiyaa, Abbaa Taayitaa daandiiwwanii Itoophiyaa fiBaankii Daldalaa Itoophiyaa keessatti miseensa boordii ta'uun tajaajilaa jiru. Hoji gaggeessaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay kan jalqabaa Muluu Naggaa sababa maaliin aangoo sanirraa akka ka'an hin ibsamne.
49625058
https://www.bbc.com/afaanoromoo/49625058
Doonaald Tiraampi marii nagaa Afgaanistaan waliinii haqan
Mariin Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi Taalibaan waliin geggeessuuf turan hirmaannaa Ameerikaan waggoota 18f waraana Afghaanistaan keessatti taasisaa turte kan goolabudha jedhamee abdatamee ture.
Pirezidaantii Afgaanistaan waliin wal arguusaanii tuwiitara isaanii irratti kan barreessan pirezidaanti Tiraampi erga hidhattoonni Taalibaan loltuu Ameerikaa ajjeesuu dhugaa ba'anii garuu marii iccitiidhaan qondaaltota biyyattii waliin mari'achuuf turan haquusaanii beeksisan. Dho'iinsa boombii Kamisa darbe hidhattoonni Taalibaan raawwataniin namoonni 12 kan ajjeefaman yoo ta'u isaan keessaa tokko loltuu Ameerkaa gameessa ta'uu hidhattoonni Taalibaan beeksisaniiru. Ameerkaan Afgaanistaan weeraruun hidhattoota Taalibaan kan hariite bara 2001 ture. Hidhattoonni Taalibaan garee Al-Qaa'idaa Fulbaana 11, 2001 haleellaa raawwateef da'oo ta'uun gargaaraniiru jetti Ameerkaan. Waajjirri damee siyaasaa Taalibaan kan magaalaa Doohaa keessatti argamu BBCtti akka himetti gareen hidhattoota Taalibaan murtee Tiraampi irratti dhoksaan mari'achuuf jedhu. Waggaa 18ffaa yaadannoo guyyaa Ameerkaan al-Qaa'idaadhaan itti haleelamtee(Fulbaana 11, bara 2001) dursuun Mariin Ameerkaa fi Taalibaan gidduutti mari'atamuuf ture silaa hojii gaarii pirezidaanti Tiraampi hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetan ture. Ameerkaan torbanoota 20 keessatti loltoota ishee 4,500 baasuuf akka turtee fi Taalibaan ammo gamasaatiin Kanaan booda maandhee shorokeessitoota akka hin taane marii geggeeffamuuf turerratti walii galuuf turan. Yeroo ammaa Ameerkaan loltoota 14,000 Afgaanitaan keessaa qabdi. Biyyoonni lameen maal barbaadu? Pirezidaanti Tiraampi bara 2106 wayita filannoof duula na filadhaa geggeessaa turan hirmaannaa Ameerkaan waraana Afgaanistaan keessatti taasisaa jirtu akka goolaban waadaa galanii turan. Tibbana garuu baay'ina loltoota isaanii Afgaanistaan keessatti jiranii gara 8,600tti hir'isuuf yaada akka qabntu himama. Inumaa loltoota Ameerkaa Afgaanistaan keessa tursiisuuf kutannoon akka hojjetan ibsanii turan. Ameerkaan loltootashee guutummaatti Afgaanistaan keessaa baasnaan gareen shororkeessitootaa biyyattii keessaa maandheffachuun biyyoota dhihaa haleeluu itti fufuu dand'au sodaan jedhu Waashingtan DC keessaa ammumarraa dhagahamaa jira. Erga bara 2001 Ameerkaan Afgaanistaan weeraruun hidhattoota Taalibaan haleeluu eegaltee as inumaa gareen Taalibaan iddoowwan ijoo ta'an hedduu to'ataniiru. Ameerkaan loltaata ishee hunda hin baastu taanaan mootummaa Afgaanistaan waliin gonkumaa akka dubbachuu hin feenu ibsa gareen Taalibaan. Hidhattoonni Taalibaan bara 1996-2001 wayita aangoo irra turanitti seera amantaarratti cichuun akka hojjechaa turanii fi dubartoota gidirsaa akka turantu himama. Erga waraanni Afgaanistaan eegalee as qaamolee addunyaa mararraa keessatti hirmaataa keessaa hanga yoonaatti 3,500 kan ta'an ajjeefamaniiru, kanneen keessaa 2,300 kan ta'an lammiilee Ameerkaati. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii gabaasa Guraandhala darbe baase keessatti namoonni nagaan 32,000 ta'an ajjeefamuu eereera.
oduu-53791136
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53791136
Ispoortii: Kopheen taphataa kubbaa kachoo beekamaa Maayikel Joordaan caali-baasiin Birrii Mil. 23tti gurgurame
Kopheen Siniikarii taphataan kubbaa Kachoo addunyaarratti beekamaa Maayikel Joordaan godhachaa ture caal-baasiidhaan Dolaara kuma 615 (tilmaama Birrii miliyoona 23tti) gurgurameera.
Kophee Siniikarii Maayikel Joordaan caali-baasiin Birrii Miliyoona 23tti gurgurame Caal-baasii torban kana keessa ture irratti dhaabbanni Naayik Ayiir kophee taphataa beekamaa kanaa Joordaan 1 jedhamu gurguruun isaas ibsameera. Kopheen kunis yeroo garee Chikaagoo Buulsi keessa bara 1985 taphataa yeroo turetti kan godhachaa turedha. Kophee kanaanis ol utaaluudhaan kubbaa hedduu galchuun seenaa kan ittiin galmaa'edha. Dhaabbanni Kiriistiis jedhamu caal-baasii dhimmoota ispoortiifi ogummaa irratti gaggeessuun beekamu hanga ammaa kopheewwan Maayikel Jordaan sagal caal-baasiin gurgureera. Kopheewwan kunneenis kan caali-baasiif dhiyaatan turtii milkaa'aa waggoota afurii Maayikel Jordaan kilaba Chikaagoo Buulsi keessatti dabarse yaadachuudhaaf jedhameera. Kopheen amma Birrii miliyoona 23tti caali-baasiin gurgurame kun qabeenya kaampaanii Ameerikaa Istaadiyeem Guudsi jedhamuu yoo ta'u, kopheewwan seena qabeeyyii Maayikel Joordaan keessaa isa filatamaadha jedhameera. Kopheewwan hunduu kampaanii uffataafi kophee omishu Maayikel Jordaaniin ispoonsara gochaa tureen kan kan omishamedha. Kophee filatamaafi ajaa'iba jedhame kana dabalatee kopheewwan biroo warreen sassaabuu barbaadan waan jiraniif, maallaqa hanga kanaa itti baasuun bitachaa jiraachuu kampaanichi beeksiseera. Kophee kana malee, bara 1992 Olompikarratti tapha akka Ameerikaan injifattu taasise yeroo taphatetti Ayiir Jordaan 7 jedhamu Dolaara 11,500 (Birrii kuma 413n) gurgurameera. Kopheewwan biroos yeroo gara garaatti Dolaara 21,500 (Birrii kuma 772), akkasumas 8,750 (Birrii kuma 314)n gurgurtaaf dhiyaateera. Fedhiin gabaa jirus yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu isaa kampaanichi beeksiseera. Seenaa kubbaa kachoo keessati bakka ol-aanaa kan qabu Maayikel Jordaan, mootii kubbaa kachoo jedhamuun beekama. Maayikel Jordaan guutummaa addunyaarratti kubbaa kachoo kanaan gurra guddaa kan horate yoo ta'u, baroota 1980 fi 1990 moota keessa ispoortii kubbaa kachoo sadarkaa addunyaattillee akka beekamu taasiseera. Fiilmii mata-duree 'Ze Laast Daansi' jedhamu walitti fufee darbu seenaa Maayikel Jordaan irratti fuulleffate karaa Neetfiiliksiin darbaa jiru ammoo akka maqaan isaa deebiyee yaadatamu taasiseera.
oduu-45505774
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45505774
"Gambeellaan hanga ammaa hin ida'amne"
Jijjiiramootni mootummaa giddugaleessaan eegalaman naannoo Gaambeellaa keessatti hojiirra oolaa akka hin jirre sosochiin naannoo Gambeellaa beeksise.
Dubbi himaan dhaabbatichaa Obbo Obaang Ukkuumu sosochiin naannoo Gambeellaa waggoota digdamaa olif qabsoo hidhannoorra akka ture ibsa har'a miidiyaalef kennanin himaniiru. "Waamicha ministirri mummee Abiy Ahimad nuf taasisanin karaa nagaatin qabsaa'uuf gara biyyaa galleerra" jedhaniiru. "Maqaa naannolee guddachaa jiran jedhun loogiin uummata naannichaa irratti raawwatamaa tureera" kan jedhan obbo Obaang uummatni naannichaa nageenya biyyattiif aarsaa kaffalaa turullee hojii hooggansa biyyaa irraa dhiibbamaa akka ture himaniiru. Gama biraatin dhaabbatichi saamichi qabeenya uummamaa maqaa invastimantiitin naannicha keessatti raawwatamu akka dhaabbatuf akka qabsaa'u beeksiseera. Dhaabbileen dimokiraasii kanneen akka boordii filannoo fi mirga namoomaa dhiibbaa siyaasaa irraa bilisa ta'anii akka hojjetanif ni hojjenna jedhan dubbi himaan sosochii naannoo Gambeellaa obbo Obaang Ukkuumu. Itoophiyaa keessatti qaamoleen mootummaa sadan seera baastuu, seera hiiktuu fi seera raawwachiistuu maqaaf kan dhaabbatanidha kan jedhan dubbi himaan dhaabbatichaa fooyya'iinsa qaamolee mootummaa kunneenif ni hojjenna jedhaniiru. Loltoota isaanii biyya keessa fi biyyaalee ollaati akka qaban kan himan itti aanaa preezidaantin sosochii naannoo Gambeellaa Obbo Pitar Omot ministira mummee Abiy Ahimad walin marii erga taasisanii booda loltootni isaanii gara fulduraatti gara biyyaa akka galan dubbataniiru.
oduu-55593701
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55593701
'Ameerikaan diina guddoo Koriyaa Kaabaati' - Kiim Joong Un
Hogganaan Koriyaa Kaabaa Kiim Joong Un Ameerikaan 'diina guddoo' Koriyaa Kaabaati jechuun, eenyumtuu pirezidaantii ta'us US imaammatashee Piiyongiyaang irratti qabdu ni geeddarti jedhanii akka hin eegne ibsan.
Kiim Joong Un Kiim haasaa Paarii Hojjattootaa biyya bulchu irraatti haala baayyeen hin baramneen taasisanii, dandeettii meeshaalee waraanaa nikulaaraafi humna waraanaa biyya isaanii akka cimsan waadaa galaniiru. Kana malees, karoora doonii niikulaaraa bishaan keessaa xumuruuf qarqara irra gahuu himan. Kiim kana kan dubbatan tibba pirezidaantii haaraan Ameerikaa Joo Baayidan aangoo pirezidaantummaa isaanii fudhachuuf guyyoonni muraasni qofti hafeetti. Xilxaltoonni akka jedhaniittis, Kiim kana kan jedhan bulchiinsa haaraa Baayidan dhiheenyatti hundeessuuf jiru irratti dhiibbaa taasisuuf yaaluusaati jedhana. Mariiwwan yeroo garaa garaatti karoora nikulaaraa Koriyaa Kaabaa ilaalchisee taasifameen bu'aa qabatamaa hedduun argamuu baatulleen, Kiim garuu pirezidaantii Ameerikaa amma aangoo gadhiisa jiru Tiraamp waliin walitti dhufeenya gaarii qabu turan. Kiim haasaa walgahii seenaa Paartii Hojjattootaatti saddeettaffaa ta'e irratti taasisaniin, 'humnootiin dinaashee' dursanii biyya isaanii irratti haleellaa raawwachuuf kan yaadan yoo ta'e malee Koriyaan Kaabaa meeshaalee nikulaaraa ishee fayyadamuuf hin yaadu jedhan. ''Ameerikaan warraaqsa biyya keenyaatiif diina guddoofi danqaa olaantuudha...eenyumtuu aangoo qabatuus imaammata Koriyaa Kaabaa irratti qaban hin jijjiru'' jechusaanii maddi oduu mootummaa biyyattii gabaaseera. Haasaa isaanii kanaanis misaa'eloota baalaastiikii fageenya dheeraa irraa lafaafi galaana irraa furgugifamuu danda'an dabalate tarree meeshaalee waraanaa ifa taasisaniiru. Koriyaan Kaabaa qoqqobbaan dinagdee cimaan irra kaa'amulleen sagantaa ijaarsa meeshaa waraanaa ishee haalaa olaanaadhaan guddisuu dandeessee jirti. Kiim jalqaba torbaan kanaatti, biyyisaaniif karoora dinagdee waggoota shanii raggaasifamee ture 'haala damee hundaan' jedhamuun fiixaan baasuu akka hin dandeenye amananii turan. Koriyaan Kaabaa koronaavaayirasiin biyyattii keessatti akka hin galle ibsitulleen, facaatii isaa dhorkuuf baatii Onkololeessaa daangaalee ishee cufteetti. Wal jijjiraan daldalaa ollaafi deegartuu ishee kan taate Chaayinaa waliin qabanis parsantaa 80n gadi bu'eera. Lolliifi obomboleettiin ammoo sagantaalee nikulaaraa ishee dabalatee manneenniifi midhaan hedduu barbadeessee jira.
56425335
https://www.bbc.com/afaanoromoo/56425335
Fooziyaa Jamaal: Haadha daa'imaa qabxii olaanaan Yunvarsiitii Odaa Bultmirraa waancaafi warqeen eebbifamte
Fooziyaa Jamaal Yunvarsiitii Odaa Bultum irraa bara kana dubartii qabxii baayyee olaanaa galmeessisuun eebbifamteedha. Gosa barnootaa Ikonoomiksiin kan eebbifamte Fooziyaan, koorsiiwwan fudhatte hundas 'A' galmeessisuun eebbifamte.
Tibba kana namoonni ishee beekanis ta'e seenaa ishee kana dhaga'an qabxii isheen turtiishee Yunvarsiitii kanatti galmeesifte tarreessuun baga gammadde jechuun dinqisiifannaa qabaniif miidiyaa hawaasaarratti hedduu qoodaa jiru. Akka namoonni miidiyaa hawaasaarratti barreeffamee mul'atutti Fooziyaan walumaagala koorsiiwwan 38 fudhatte keessaa 31 A+ kan hafan torba ammoo A argachuun qabxii 4:00 fiduun xumurte. Kennaan addaa qabdu ykn deeggarsi addaa taasifameef akka kana galmeessistuuf gargaare kun warra kaaniifillee fakkeenta ta'uu maal jechuun BBCn Fooziyaadhummaarraa iyyaafatee bareera. Fooziyaa Jamaal qabxii boonsaa kana kan galmeessite itti-gaafatamummaa dachaa biraayyuu osoo qabduu akka ta'e BBCn iyyaafannaa kanaan hubateera. "...waggaa tokko ulfaan, waggaa kaan ammoo hoosisaa barachuu.." Turtiin yunvarsiitii boqonnaa jireenyaa namaa keessatti yeroo baayyee murteessaadha. Saatii dheeraa dubbisuu, pirojektiiwwan kennaman guyyaa isaa eeganii hojjetanii galchuu, dorgommii cimaa jiru mo'achuudhaaf humnaafi dandeettii ofii mara bakka itti obbaafatan yoo jedhan balifannaa hin ta'u. Gama biraan ammoo bakka maatiirraa adda bahuun of danda'anii jireenya haaraa itti shaakalan ta'uun isaas umurii murteessaa keessa darbamudha. Keessumaa ammoo dhiibbaa dubartummaa hawaasa keessa jiruun shamarran yunvarsiitii seenan dhiibbaa dachaa mo'achuun dirqama itti ta'ayyu. Fooziyaa Jamaal garuu itti-gaafatamummaa dachaa waliin dhiibbaa dachaa kana milkaa'ina kaaniif fakkeenya ta'uun keessa darbitee agarsiifteetti. Godina Harargee Lixaa aanaa Boosee magaalaa Bookeetti kan dhalatte Fooziyaan, yeroo kutaa 11 barattu gaa'ila akka dhaabbatte dubbatti. Turtii waggoota sadii yunvarsiitii keessatti dabarsite keessaayyiis waggaa tokko ulfa taatee, waggaa tokko ammoo daa'ima guddisaa baratte. "Hojii kiyya jettee of amansiistee yoo jalqabde wanti hin danda'amne hin jiru. Anis ulfa ta'uun qabxii kiyyarratti dhiibbaa uumuu hin qabu jedheen cimee qo'adhe. Qorumsa ulfaa ta'uufi kan barnootaa, ergasiis daa'ima guddisaatii waanin yaade milkeeffadhe," jetti. Ulfa ta'uun itti-gaafatamummaa dabalataa waan fideef sababa ulfaa fi daa'ima guddisuutiin qabxiin ishee akka gadi hin buune kan duraa caalaa dubbisaa turuus yaadatti. 'Abbaan manaakoo nama addaati...' Milkaa'ina namni tokko fuulduratti bahee ittiin mul'atu duuba yeroo hedduu namni namatti dhiyaatu tokko hin dhibu jedhama. Keessumaa ammoo jireenya gaa'elaa ba'aa walii baadhachuun jiru keessatti, milkaa'ina tokkoo isaanii duuba isa kaanitu jiraachuun amanama. Milkaa'ina ishee kana duubas deeggarsi abbaa manaashee daran olaanaa akka ture Fooziyaan dhugaa baatiif. "Abbaan manaa kiyya dhugumaan nama addaati. Inni barumsa kiyyaaf hedduu xiyyeefannaa kenna. Akka waan isaaf jecha baradhuutti ilaala. Nacaalaayyuu isatu itti cinqama. Waan hundaanuu baayyee nagargaara. Inni bu'uura milkaa'ina kiyyati," jetti. Fooziyaan turtii waggaa sadii Yunvarsiitii Odaa Bultum keessatti dabarsite kanaan qabxii olaanaa galmeessifteef waancaa lamaafi meedaaliyaa warqii badhaafamte. 'Maqaa daa'ima keenyaa Mooneet jenne' Fooziyaan daa'ima ishee osoo barattuu deessee hoosisaa baratte Mooneetiin cinaachatti qabattee, waancaa lama harka bitaafi mirgaatti qabattee, madaaliyaa mormatti dirattee dirree barumsaarrattis mo'achuu ishee qabatamaan agarsiisteetti. Karoorriikoo Waaqni nagargaaree waanin yaade waanin mo'adheefis daa'ima osoon yunvarsiitii baradhuu dahe tanaaf 'Mooneet' jennee moggaafnees jetti. Dubartoonni milkaa'uuf kaayyoofi kutannoo qofa nubarbaachisa kan jetti Fooziyaan, ilaalchota duubatti hafoo dhiisnee karaa milkaa'inaa haa ilaallu jechuun dubartootaaf dhaamti. "Waan tokko hin dandeenyu jennee of amansiisne taanaan, hin dandeenyu. Nan danda'a jettee amante taanaanis inuma dandeessa. Hojii kiyya, fiixa nan baha jettee hojjennaan dubartiin bakka nan gaha jette sanararraa wanti dhaabu hin jiru," jetti. Fooziyaan yeroo ammaa achuma Yunvarsiitii Odaa Bultumitti barsiistuu ta'uun hojii jalqabdeetti. Fuula duratti barnoota ishee daran guddisuufi beekumsa argatteen hawaasa tajaajiluudhaaf fedhii guddaa akka qabdus BBC'tti himteetti.
oduu-55903195
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55903195
Masiriin lafee arraba warqee qabu waggoota kuma 2 lakkoofsise argatte
Qorattoonni Masirii ambaalee lafa keessa awwaalaman irratti hojjetan lafee waggoota kuma 2 lakkoofsisan argatan.
Lafeen isaan argatan kun akka biyyootti hin jijjiiramneef ogummaa qorichaan goganii akka tursiifaman kan taasifaman yoo ta'u, kan adda isaan taasisu ammoo arrabni isaanii warqeedhaan bakka bu'eeraaf. Gareen Masiriifi Dominikaan magaalaa Aleksaandeeriyaa, naannoo mana qulqullummaa Taappoosiriis Maaginaatti lafee 16 qorichaan gogfamanii awwaala kattaa irraa hojjetame keessa akkuma jiranitti bira ga'aniiru. Naamoonni sadarkaa ol-aanaarra jiran haala kanaan qaama isaanii keessaa tokko toko warqeedhaan bakka buusanii awwaaluun bara mootummaa Giriikiifi Roomaa keessa kan barame ture. Tarii arrabni warqee kan hojjetameef du'aan booda ni jiraatu jedhamee waan amanamuufidha. Yeroo du'aa ka'an sanattis waaqa tolfamaa Oriyoos jedhamu sirriitti akka dubbisuu danda'aniif jedhameeti. Waaqni tolfamaa Masirii durii Oriyoos addunyaa lafaa gadi jiruufi warra du'anitti faradu akka ta'etti yaadama. Arrabawwan warqeen itti maxxanfame qarqara isaaniirratti mallattooni gonfoo itti tolfamee argameera. Kanamalees, mallattoon bofa Kobiraa jedhamuus argameera. Itti-gaafatamaan Qorannoo Ambaalee Lafa Jalaa Aleksaandeeriyaa Kaaliid Aboo El Hamiid barbaacha kana yeroo taasisanitti aguuggiiwwan fuulaa lafeewwaniis argamuu isaanii dubbataniiru. Aguuggiiwwan fuulaa kunneen kan umurii kuma lamaa qabanidha. Obbo Kaaliid dabalanii akka isanitti, bakka mana qulqullummaa kanatti saantiimawwan fakiin mootii beekamtuu Kiliyooppaatiraa 7ffaa irra jiran argamuu isaanii yaadatu. Kiliyooppaatiraa 7ffaa sirna mootummaa Telemaatiik Giriik isa dhumaa akka taate ni beekama. Barri mootummaashees Dhaloota Kiristoos dura 51 hanga 30tti ture. Mootittiin Kiliyooppaatiraa 7ffaa kun du'uu ishee hordofee ture Masiriin durii kan harka warra Roomaa jalatti kufte.
oduu-45788832
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45788832
Mulaatuu Tashoomaa : Yeroo dhiyootti tarree biyyoota galii gidduu galeessa qaban hiriiruuf hojjenna
Biyyi keenya bara darbe yerootti daandii qaxxaamurarra turtee fi jijjirama keessa galtee turtedha jedhan pirezedaantiin FDRI Dr Mulaatuu Tashoomaa.
Pireezidaanti Dr. Mulaatu Tashoomaa Manni Maree Federeeshinii fi Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa har'a waaree booda sirna baniinsa waliinii gaggeessaniiru. Manneen maree lamaan haasaa preezdaantii mootummaa FDRI, Dr Mulaatuu Tashoomaan kan banaman yommuu ta'u, xiyyeeffannaawwan mootummaa bara haaraa irratti ergaa dabarsaaniiru. Pirezedaanti Mulaatuun bara darbe dhaabbileen ijaa fi gurra uummataa tahan illee dadhabanii ture jedhan. Akkasumas uummatni keenya mirgi isaa yommuu dhiibamuu fi tajaajila haqaa dhabu tarkaanfii rakkinicha hiikuu danda'u osoo hin fudhatiin yeroo dheeraa turerra jedhan, Dr Mulaatuun. Haa tahau malee paartiin biyya bulchaa jiru gamagama gaggeessuun jijjiirama hoggansaa gaggeessuun rakkinicha furuu jalqabuunsaa abdii haaraa fiduu jalqabeera jedhan. Gaaffii uummataa deebisuu fi carraa biyya keenyaa fuulduraa murtessuu fi jiijiramoota barbaachisan fiduun akka filannootti kan nuuf dhiyaatu osoo hin taane dhimma dirqama bulchiinsaa ture jedhan. Jijjiramoota galmaa'an keessaas sirreeffamtoota seeraaf dhiifama gochuun mana hidhaatii namootni hedduun gadhiifamuu, riqichi jibbaa akka diigamu gochuun tokkummaan akka cimuuf hojiin guddaan hojjetameeras jedhan. ADWUIn Dr. Abiy Dura Taa'aa gochuun irra deebiin filate Badhaasa warqee maraa Isaayyaas Afawarqiif Hidhamtoota gadhiisuun maaliif barbaachise? Dabalataan araara manneen amantaa Ortodoksii biyya keessaa fi ala ture gidduutti uumames caqasuuniiru. Poolisii biyya alaa ilaachisee rakkoon waggoota dheeraaf Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu ture akka hiikamu taasisuu pirezedantichi ibsuun, dhimma kana ilaalchisee Dr Abiy Ahimedii fi pirezedaanti Isaayas Afawarqii galateefataniiru. Akkasumas hariiroo biyyoota Gaanfa Afrikaa gidduutti uumamee fi biyyoota baha gidduu galeessaa waliin hojjetame bu'aa guddaa tahuu himaniiru. Adeemsi dimokiraasii dagaasuu akkuma jalqabee jiru gama dinagdeedhaanis hojiin itti fufinsa qabu akka hojjetamuu himaniiru. Dinadgee biyyaa qonna irratti hirkate gara manufaakcheringitti ceesisuun hojii mootummaan irratti xiyyeefatee hojjetu tahuus himaniiru. Gama biraanis ol'aantummaan seeraa cabuun lammiileen qabeenya horatan dhabanii kan qe'ee isaanii irraa buqqa'anii fi lubbuu isaanii dhaban baay'ee tahuu himuun mootummaan al seerummaan akka hin babal'anneef akka cimsee hojjetu himaniiru. Kallattii fuulduraa ilaachisees, uummata Itoophiyaa keessaa 65% kan tahan dargaggota waan tahaniif Carraa hojii babal'isuu irratti cimsanii hojjechuun kallattii fuulduraa tahuus himaniiru. Seera filannoo irrattis mootummaan paartilee mormitootaa waliin mari'achuun karaa nagaa taheen haala taayitaa qabachuun danda'amu irratti mootummaan xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhan Dr Mulaatuun. Liqaan biyyaa isa murtaa'een ol akka hin taanee fi faayinaansii mootummaa ilaalchisee dhimma baasii fi galii irratti mootumaan ni hojjeta jedhan. Yeroo gabaabaa keessatti tarree biyyoota galii gidduu galeessaa qaban keessaa tokko tahuuf mootummaan cimsee akka hojjetu eeraniiru. Kanaafis IGAD cimsee gara misoomaatti akka galu gochuuf shoora olaanaa taphanna jedhan.
oduu-55726254
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55726254
Dubartii maatii mootii qeequun hidhaa waggaa 43’n adabamte
Dubartiin lammii Taayilaand maatii warraa mootii biyyattii arrabsite jedhamtee hidhaa waggaa 43’n adabamte. Adabbii kun yakka akka kanaaf isa guddaadha.
Anchan, sagalee miidileerratti qooddee adabamte Dubartii maqaan ishee Anchan jedhamtu kun sagalee poodcaast irraa argatte miidiyaa hawaasaarratti qoodde. Dubartiin umrii ganna 63 taate kun kilippii sagalee kana qoodurra kan darbe yaada biratte barreessites hin qabdu. Seerri Taayilaand maatii warra moootii arrabsuu kan dhorku yoo ta’u, Taayilaand biyyoota seera jabaa dhimma kanarratti qaban keessaa tokko. Seerri kun waggoota sadiif erga hafee booda, xumura bara darbee kanatti mormii mootummaa biyyattiirratti qiyyaafachuun ji’ootaaf itti fufe to’achuuf deebi'ee hojirra oole. Hiriirtonni mormii garuu sirni warra mootii akka geeddaramu gaafataa turan. Anchan yeroo 29 toora Yuutiyubii fi Feesbuukiirratti kilippii garaa garaa bara 2014-2015tti qooduu amanteetti jechuun abukaatoon ishee Rooyitarsitti himeera. Jalqabarratti hidhaa waggaa 87’n kan adabamte yoo ta’u, eega balleessaa raawwachuu amantee hidhaan gartokkeen hir’ateef. Namoota 14 yeroo gartuun waraanaa biyyatti bara 2014 aangoo mootummaa biyyattii qabatu mootummaa abbaa gonfoo qeequun himataman keessaa tokko Anchaani. Gartuun namoota himannaan irratti dhiyaatee kunis mormii tamsaasuu fi podkaastiirratti fe’uun himatamanii turan. Dhaddacha murtii kun ifatti kan kennamu miti, namoonni ragaa namoota himatamanirratti bahanis nageenyaa biyyaaleessaafi jedhameetu maqaan isaanii iccitiin qabama.
oduu-47291179
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47291179
Dargaggeessi haadha warraa isaatiin reebamaa jiraataa ture dhuma irratti haqa argate
Aleeks Sikiil dargaggeessa umuriin waggaa 20 yoo ta'u lammiin Ingliziiti. Hiriyaansaa dubartii waggoota muraasaaf mana keessatti miidhaa irraan gahaa turteeti. Miidhaa irra gahaa tureess BBC'tti himeera.
Bishaan daffee narratti naqxe. Guyyaa sanas gonkumaa jireenya kiyya keessatti hindagadhu. Jalqaba jabanaa shaayiitti bishaan dafsuun isaan booda jabanaatti baatte ittiin na dorsiisuu eegalte. Mana cisaa keessattis bishaanicha narratti gadhiifte. Jordaanaa waliin waggoota sadiif waliin jiraanneera. Jidduu keenya jaalalli hinturre yoon jechuu baadheelleen garuu waanuma guddaa fi xiqqaan waldhabaa ture. Kan nama dinqus rakkoollee hundinu kan eegalan waan xiqqaa irraa ta'usaati. Fakkeenyaaf haalli murannaa rifeensa kiyyaa ykn shamiiziin uffadhee madda waldhabdii keenyaa ta'u mala. Erga bishaan danfaa narratti naqxeen boodas dhukkubbiinsaa dandeettii kiyyaan ol natti ta'ee ture. Bo'aas akkan bishaan qabbanaa keessa kaa'u akka naaf ayyamtuu kadhadheen. Isheenis naaf hayyamte. Tasgabbiin natti dhagahamees kan jechaan ibsamuun ol ture. Isheenis akka bishaan danfaa narratti naqxe yon namootatti himee addabbiin akka natti caalu na sodaachisuun na akkeekachiifte. Anis nan callise. Kirkireen ishee sodaadha. Bara jaalala nagaa keenya Aniifi Jordaanaan kan wal barre osoo kaampaasii jiruu ture. Wayita wal baruttis lamaan keenyu ijoollee waggaa 16 turre. Isheenis barattuu cimtu turte. Yunivarsitiis galu dandeesse jirti. Ani garuu barataa dadhabaan ture. Haallichi cimaa kan dhufe booda keessa ture. Waliin jiraachu eegalaan suuta suutaan akkan hiriyyoota kiyyaan wal hinagarreef na akkeekachiisu eegalte. Akkan feesbuukii hinfayyadamnees na akkeekachiifte. Dura akka ishee hin mufachiifnee jecha tolee jedhaan ture. Booda keessas sammuu kiyya hunda to'aatte. Tooftaan ishees wal jalaan hojjateef booda garba ishee na taasiifte. Guttummaatti to'annaa jala nagalchuunis miidhaa mana keessaa narratti raawwachu eegalte. Na beelessitii; na hiitees na reebdi turte. Guyyaa baayyees nyaata na dhoowwati turte. Ofii kiyyaan bilcheesis nyaachu hindandeenye. Yoo nyaannee hiitee waan na reebduuf jechuu garaa duwwaa olee buluu eegale. Haala nama sodachisuunis kiiloon kiyya gadi bu'e. Yoo fuuldura ishee dhaabacghuu eegaluutti ammo dhimmicha naanneesitee anumatti deebiifti. Caalaayyuu balleessaawwan ishee anatti deebiisuun baayyiiftee na miidhuu eegalte. Fakkeenyaaf kophee kee kana hinjaaladhu ykn shaamizii kee sana hin kaawwatiin yoo naan jettu ishee gammachiisuuf jecha kan isheen jettu hundan raawwadha ture. Ajajji ishee ammo xumura hinqabu ture. Kaayyoon ishees ana garbicha ishee taasisuu ture. Daa'ima godhachuu Wayita ijoollee godhanne haalli ni geedarama abdii jedhun qaba ture. Dogongoru kiyya kanan hubadhee garuu booda keessa ture. Miiidhaa narraan geessu cimaa dhufnaan anarra ijoollee kiyyaaf yaadda'uun eegale. Osoon dhiisee deemees ijoollee kiyya irran balaa akka qaqabsiiftu mirkana ta'aa dhufe. Isaan bodas jireenyi kiyya cinqiidhaan gutamaa dhufe. Haa ta'u malee jireenyi kiyyaa fi kan Jordaanaa makaraa fi waldhabdee qofaan guutame hinturre. Yeroo gammachuus waliin dabarsiineera. Wayita sanattis walitti dhufeenyi keenya akka fooyyee'uuf dubbiseen ture. Booda ammo deebiiste na sodaachisuu eegalti. Akkan adda hinbaaneef ammo soda caalaa jalala isheetu na tursiise ture. Rakkinicha waljalaan baraan dhufe Yeroo ta'ees lafaa kaatee 'dubartootaaf ergaa ergiita' jechuun na himatte. Ani garuu gonkumaa sana hinraawwannee ture. Garuu na soodaachisuun akkan dhiifan ishee gaafadhu na taasiifte. Isa gochuutu isheef gammachu kenna ture. Na jilbiinfachiisuu, na reebuu, na naasuiisuutuu madda gammachu isheeti. Yeroo hunda yoo raftu qaruuraa biiraa ofi bira kaawwatti. Yoo itti ka'es qaruuraa sanaan sammuu koo dhoofti.Yoo rakkinni natti cimuus dandha'uu fi itti baruu eegale. Kun ammo caala ishee aarsaa ture. Xaarmusii dhiistee madooshaadhaan dugdakoo na tumuu jalqabde. Billaa qabattees na doorsifti. Yeroo hedduudhaaf du'a qarqara ga'een deebiye. Bishaan danfeen gubanna sadarkaa sadaffaadha jedhamu anarraan geessiftee beekti. Erga danfaan na gubuu isheetiin booda akka na ajjeesuu dandeessu mirkaneeffataan dhufe. Maaliif poolisiitti hin iyyanne? Yeroo kun hunduu ta'u poolisiitti hin iyyanne. Tokkoffaa, ijoolleekoo irraan balaa hamaa geessisuu dandeessi kan jedhuun, karaa biraan ammoo haaloo na baati jedheen dhiise. Balaa ana irraan geessee yeroo hospitaala na geessitu mara akka ani balaa sana ofiikootiin ofirraan gahetti akkan dubbadhuuf na sodaachifti. Holloonni keenya waamicha birmannaa dhaga'anii dhufanii ni beeku. Ta'us garuu akka poolisittii hin bilbilleef jedheen sobaan isaan doggoggorsa. Buunyaa/boksiidhaan na dhooftee yeroo fuullikkoo yeroo na daalachaa'utti meekaappii itti diddibdee balleessiti. Yeroon ishee waliin ture keessatti sodaachisa ana irraan gahaa turteefi adaba nyaata na dhowwachuu ana irraan geessurraa kan ka'een walumaa galatti kiiloo 30 hir'iseen jira. Hospitaala na geessite. Achiin booda guyyoota 10 osoon sirriitti hin nyaadhu ta'ee akkan du'uu danda'u natti himan. Akkamiin akkan Jordaanaa irraa obbaafadhe? Bara2018 keessa waan hunduu furmaata argatan. Lafarra na ciibsitee na tumaa turte. Poolisiin naaf qaqqabe. Yeroo poolisiin mana keenya dhufetti kan dhufe haa dhufu jedheen waan isheen na goote hundan itti hime. Fuullikoos dhidhiita'ee daalachaa'ee/momoccoramee ture. Yeroo sanatti osoo poolisiin anaaf hin qaqqabne ta'ee dhuma jireenyakoo ta'uu danda'a ture. Poolisichi waan arge amanuu dadhabe. Sana hunda kan ana irraan gahaa turte hinaaffiidhaan kakaatee akka ture naaf gale. Ani maatiikoo waliin dhiyoon ture. Hiriyyootakoo waliinis yeroo gaariii qaban ture. Hunda isaanii irraa suuta suutaan adda na baafte. Kan dhuunfaa ishee na godhatte. Yeroo tokko "Fedhiinkoo jireenyakee gaannam/si'ol gochuudha" naan jettee turte. Gorsa dhiirotaaf Dhiironni baayyeen yeroo mana keessatti miidhaan isaanirraan gahu dubbachuudhaaf ija hin jabaatan. ISaan qaanessa. Anis akkasuman ture. Guyyaa guyyaadhaan 'ati dadhabaannan, ati duudaadha, ati dabeessa/sodaataadha, ati kachachalaadha' jechuun ana arrabsiti. Jordaanaan waan ana irraan geessisaa turte guyyaa tokkoofillee gaabbitee hin beektu. Kan baayyee ishee aarse waan isheen ana irraan geesse poolisiitti himnaan isheen to'atamuu isheeti. Mana murtiittis yakkamtuu akka taate amanteetti. Sanas kan goote murteen akka isheef salphatuuf jecha. Dubartoonni mana keessatti miidhaa dhiira irraan geessisan maaliif akka godhan yeroon yaadu araada waan itti ta'u natti fakkaata. Hiriyyaa dhiiraa isaanii yeroo dararanitti gammachuu addaa argatu. Waan isaa akkuma sijaaraa, kokeeyinii araadadha. Balleessaan guddaan miidhaan mana keessaa har'a irra boor dhaabbata jedhanii yaaduudha. dogoggorri guddaan isadha. Jordaanaan waggaa 7 akka hidhamtu manni murtii yeroo itti murteessu imimmaan isaa haqameef.
oduu-55557042
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55557042
'Qaamoleen gochaa safuu kana dalagan hatattamaan seeratti haa dhiyaatan'-Majiliisa
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa lola naannoo Tigraayitti gaggeefameen walqabatee haleellaa Masjiida Al Najaashii magaala Wuqurootti argamurra gahe balaaleffate.
Manni Marichaa kanneen haleellicha raawwatan mana murtiitti akka dhiyaatan gaafateera. Manni maree kun haleellaa masjiida Najaashii irratti raawwatame ilaalchisee har'a miidiyaalef Ibsa kenneen ''haleellaa meeshaa waraanaa guddaan masjiida seena qabeessa Najaashii fi iddoo awwaalchaa irratti raawwatameen masjiidicha irratti miidhaan qaqqabera'' jedhe. ''Dhaabbileen kennaa tajaajilaafi meeshaaleen tajaajilaa saamichaaf saaxilamuu isaanii hubanneerra" jedheera. Masjiidni Najaashii hambaa lammiilee Itoophiyaa qofa osoo hintaanee hambaa idil addunyaa ta'uu kan hime Manni marichaa haleellaan masjiidicha irratti raawwatame akka isa gaddisiise himeera. "Miidhaa hambaa seena qabeessaafi masjiida irratti qaqqabeen onneen muslimoota Itoophiyaa qofa osoo hin taanee onneen muslimoota addunyaa miidhameera" jedhe manni marechaa ibsa isaa keessatti. Yakka "suukaneessaa fi qaanessaa" masjiidicha irratti raawwatame kan balaaleffate manni marichaa "mootummaafi uummatni waliin qindaa'uun qaamoleen gochaa safuu kana dalagan hatattamaan seeratti akka dhiyaatan akka taasisu gaafanna" jedheera. Kana malees Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa qaamoleen mootummaa dhimmichi ilaallatu miidhaa qaqqabe ilaalchisee ragaa fi ibsa akka laatuuf gaafateera. Ragaa fi ibsa qaamolee mootummaa irraa argatu uummata akka beeksisus manni marichaa himeera. Kana malees Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee waliin ta'uun gareen miidhaa masjiida Najaashii irratti qaqqabe qoratu gara iddichaa deemuun yeroo gabaabaatti gabaasa akka dhiyeessu hojjetamaa akka jirus ibsa manni marichaa miidiyaalef kenne irratti himameera. Manni Marichaa "qaamolee dhimmichi ilaallatu qindeessuun Masjiida fi hambaa miidhaan irratti qaqqabe yeroo gabaabaa keessatti suuphamee tajaajila akka kennu ni taasifna. Kanaafis qophii taasisaa jirra" jedheera. Dhumarrattis mootummaan hawaasa waliin qindaa'uun hambaaleefi iddoowwan seena qabeessaaf xiyyeeffannoo akka kennu akkasumas kunuunsaa fi eegumsa addaa akka taasisu Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa gaafateera. Lola mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti taasifameen ta'uu malee ammatti haleellaa qaama kamiin hambaan kun akka miidhame ifatti ragaan agarsiisu hin jiru.
oduu-51471051
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51471051
Isheen Eenyu 15: 'Mul'anni koo taphattuu piroofeeshinaala tahuu dha'
Taphattuu sarara fuulduraa garee kubbaa miilaa biyyoolessaa dubartootaa Itoophiyaa (Luusii) kan taate Seenaaf Waaqumaa Magaalaa Naqamteetti dhalattee guddatte.
Yeroo ammaa kanas garee biyyoolessaatiin alatti piriimerliigii kubbaa miilaa dubartootaa keessatti garee kubbaa miilaa Adaamaatiif taphatti. Tapha kubbaa miilaa akkaataa itti eegalte yeroo himtus, " fedha kubbaa miilaa waanin qabuuf mana barumsaa keessatti warra dhiirotaa waliinan taphadha ture." Jetti. Ergasiis piroojektii Naqamtee keessatti taphachaa turuu fi boodarra Akkaadaamii Asallaatti filatamtee waggaa afuriif leenji'aa akka turte dubbatti. Aadaan dubartoonni kubbaa miilaa akka taphatan hawaasa biratti baratamaa ta'uu dhabuun garuu qorumsa akka isheetti ta'ee tures himti." Ilaalchi namootaa gaarii hin turre. Dubartoonni akkuma manaa hin baane fi akka waan qaanessaa ta'e wayiitti ilaalama. ''Ilaalchi hawaasni dubartootaaf qaban gaarii ta'uu baatus ani garuu kaayyookoo waan tureef wanti na dhaabu hin turre" jetti. Maatiin ishees ilaalchuma hawaasni dubartiin akka kubbaa taphattu hin jajjabeessine kanarraa ka'uun na dhorkaa turani jetti. "Ilaalchuma hawaasa naannoo kanaaf jecha maatiinkoo nadhorku turan. Gaafa humna isaaniitii ol ta'u fedhii kiyya naaf eeguu jalqaban." Jetti. Seenaaf ijoollumaasheerraa eegaltee barnoota caalaa fedhiinshee kubbaa miilaa taphachuu waan ta'eef yerooshee gara caalu isaaf akka oolchaa turtes himti. Biyya ofii bakka bu'anii taphachuu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru kan jettu Seenaaf, bara 2011tti gosa lamaan badhaafamteerti. Piriimertliigii dubartootaa Itoophiyaa keessatti Gooliiwwan 21 galchuudhaan 'Badhaasa Goolii hedduu', akkasumas 'Taphattuu Urjii bara 2011' ta'uudhaani. Kilabiin ishee 'Kilabiin dubartootaa Adaamaa' Shaampiyoonaa ta'uun akka xumuruufis gahee olaanaa gumaachuu dubbatti. Taphattuun kubbaa miilaa ganna 20 Seenaaf, mul'annikoo biyya bakka bu'ee taphachuurra darbee taphattuu Piroofeeshinaala ta'uudha jetti. Muuxannoo ishee irraayis, ''namni tokko kaayyoo qabaannaan, waan qabatemmoo irratti xiyyeefannaan wanti isa dhaabu hin jiru" jechuun dhaamti. "Dubartoonnis mul'ata ofii baafannaan mul'ata isaaniirraa humni dhaabu hin jiraatu.'' ''Waan tokko akka ulfaataatti yoo ilaalle bira hin geenyu. Waan kaayyefanne kutannaan itti deemuu qabna " jetti. Garee taphattoota dubartootaa Biyyoolessaa(Luusii) keessas ta'e kilaboota keessa dubartoonni Oromoo hirmaannaan qaban laafaa akka ta'es himti. "Akka biyyoolessaas ta'e akka kilabootaatti dubartoonni Oromoo baay'inaan hin jiran,'' jetti. Kilabii Biyyoolessaas ta'ee garee Adaamaa kana keessas dubartiin Oromoo Kubbaa miilaa taphattu anuma duwwaadha" jetti. Oromoon dubartoota iddoowwan hundaa jiran jajjabeessuun akka cimsaniifis dhaamti. Seenaaf Taphatoota Kubbaa Miilaa keessaa Neeyimar hedduu akka dinqisiifattus himteetti. *Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.
oduu-48317129
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48317129
Itoophiyaan humna ibsaa Sudaaniif guutummaatti Jabutiif ammoo gariin dhiyeessuu dhaabde
Itoophiyaan humna ibsaa Sudaaniif guutummaatti Jabutiif ammoo gariin dhiyeessuu dhaabuu Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Enerjii beeksiseera.
Akka ibsa Ministeerichaatti sababiin humna ibsaa guutummaa biyyaattiitti addaan ciccitaa jiraachuu bishaan hidhaawwan humna ibsaa keessa jiran waan hir'achaa deemaniif. Ministirri Dr. Injinar Sileshii Baqqalaa ibsa har'a kennaniin humni ibsaa addaan ciccituun kan mudte hir'ina roobaa irraan kan ka'e hidhaa Gilgel Gibee Sadaffaa keessa bishaan jiru hir'achuusaatiin jedhan. Yeroo ammaa kanatti humni ibsaa dhiyaatu Meggaa Waattii 476'n waan hir'ateef hir'inni kun uumame. Sababii kanaanis galii humna ibsaa Sudaaniifi Jabutiitti gurguruudhaan argachaa turte dolaara miliyoona 180 akka addaan kuttu beeksifteetti. Haaluma kanaan, humna ibsaa Sudaaniif guutummaatti Jabutiif ammoo gariin dhiyeessuu dhaabbateera. Hir'ina uumame kanaan walqabatee humni ibsaa guutummaa biyyattiitti Waxabajji 30, 2011 A L I irraa jalqabee dabareewwan sadiidhaan ta'a jedhameera. Torbeewwan darban keessa hir'ina humna ibsaa mudateen dhaabileen daldalaafi namoonni dhuunfaa rakkoon cimaan isaan mudataa tureera. Hoji-gaggeessaa Hotelaa kan ta'an Obbo Hayimaanot Limenew humni ibsaa addaan ciccituun hojii isaaniirraan dhiibbaa guddaa qaqqabsiiseera jedhu. Ibsaan addaan ciccituun kan barame ta'us torbeewwan darban keessa garuu hedduu hammateera. Guyyaatta mana shiroo qabdu keessatti maamiltoota 40 hanga 50 kan keessummeessituuf jiraattuun magaalaa Finfinnee naannoo Askoo Aadde Maahider Tasfaayes rakkoon ibsaan ciccituu kun rakkisaa ta'uu dubbatti. "Keessummaa torban kana keessa guyyaa guutuu badee gara halkanii waan dhufuu hojiikoorratti rakkoo uumeera," jetti. Ibsi Ministeera Bishaanii, Jallisiifi Enerjii har'aa kunis namoonni ibsaan dabareedhaan akka ta'u beekanii akka of qopheessaniif kenname.
oduu-44257183
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44257183
Suuraawwan torbee kanaa: Caamsaa 17 hanga 24, 2018
Filannoo suuraawwan dadansaa lammiilee Afrikaa torbee kanaa Afrikaa fi addunyaa mara irraa
Masaraa aadaa Tanowura at el-Gurii, Kaayirootti, wandaboo halluu hedduu shubbisaaf ta'u uffachuun, lammii Gibxii shubbisa agarsiisu. Feestivaala de La madinaa, magaala guddittii Tuniiziyaa Tuniisitti, gartuun Siiriyaa, muuziiqaa dhiyeessaniiru. Teessumni moototaa, kan mootummaa Dahomey amma Beeniin jedhamtu, godambaa magaala guddittii Faransaay, Paaris keessatti argama. Yeroo bittaa kolonii keessa mi'oota fudhataman akka deebi'an Beenin gaafachaa jirti Deeggaraan kubbaa miillaa lammii Seneegal kun, gartuun Waancaa Adduunyaa, Raashiyaa amma beeksiisamuutti alaabaa biyyiitti faarsa. Jooseef Afraane, lammii Gaanaa, cidha moototaa hirmaachuuf Yunaaytid Kiingdam, Wiindsooritti argame. Naayiroobi, magaala guddittii Keeniyaa keessatti, moodeelli uffata cidhaa Hoteela Wiindisoor Goolf eend Kawuuntirii Kilaabiitti agarsiiste. Afrikaa Kibbaa, Keep Taawon keessatti, godoo dubarrii cidha Meegan Maarkiliifi Ilma moototaa Haarii do'attu. Nama kitaaba seenaa lammiii Iyivooriitiin barreefame fi waggaa kudhan keessatti sababii lolaan Riipbiliika Diimokiraatawaa Koongootti du'uu namootaa 60,000 odeessu dubbisu Soomaaliyaa magaalaa Moqaadishoo keessatti nama miiya manaa lolaa jalaa baasaa jiru Namni kuni immoo gaariisaa oofachaa lolaa jalaa gara magaalaatti deemaa jira Kaayirootti mucaa qilleensa ho'aa irraa of qabbaneessuuf bishaan keessatti of cuuphe Leegoositti, namoota jilbeefachuun namoota fi lubootaa miidhamaniif kadhannaa taasisan Moodeela Taanzaaniyaa Miriiyaam Odemba festivaala fiilmii Kaan irratti yeroo filmiin Za Waayild Piir Tirii agarsiifame. Suuraawwan kuni AFP, Getty Images, Reuters fi EPA irraa argaman
oduu-52932415
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52932415
Dhalattuu Somaaliyaa: 'Ijoollee hidda sanyii gurraachaa Ameerikaatti guddisuun yaaddessaadha' -
Torbee darbe Joorji Filooyid poolisii adiin ajjeefamuun booda Ameerikaan mormiidhaan raafamaa jirti.
Mormii caalaa immoo gochaan raawwatame gurraachotaafi hawaasa adiin alatti jiraniif yaaddoo guddaa uumeera. Keessumaa poolisii adiidhaan kan ajjeefaman ijoollee dhiiraa tahuun isaanii maatii irratti yaaddoo uumeera. Ifraan Udguun waraana Somaaliyaa keessa ture baqattee maatiishee waliin waggaa 12tti Ameerikaa galte. Achitti garuu gidiraan akkasii na eeggata jettee hin yaadne ture. Ohaayootti barsiistuu barnoota Saayinsii kan taate Ifraan, ilma ganna 13 qabdi. Garuu biyya sanyummaan wal qoodde keessatti ijoollee guddisuun akka ulfaatu hin dhoksine. Biyyi Ameerikaa ummata ganamaa biyyoota isaaniirraa buqqaasuun hundeeffamte godaantota baayyeef abjuudha. Ifraaniifi maatiinshee waraana biyyasaanii baqatanii Ameerikaa kan galan boqonnaa argachuuf. Yoo xiqqate ijoolleen keenyi lafa nagaafi foyya'aa tahetti guddisna jedhaniiti. Haatahu malee, lafa sanyummaa hidda jabeefFate keessatti ijoollee guddisuun waan salphaa hin taane. Ifraan, ''ajjeechaan amma raawwataa jiru kan poolisiin hamaa tokko godhe otoo hin taane hundeeffama seeraafi imaammata biyyattii waliin hidhata qaba,'' jetti. ''Haala kana maatiin hubachuun rakkisaa dha. Mucaan koo waan ani to'achuu hin dandeenyeen na jalaa miidhamuu akka danda'u yaaduun kan ibsamuun ol guddaa dha,'' jetti. Ijoolleen dhiiraa kichuun waggoota darban keessatti baay'inaan ajjeefamuun addunyaan ijoollee adii fi gurraachaa gargar tahuu sirriitti mul'iseera. Biyya ijoolleen akka ijoolletti hin yaadamnetti guddisa isaanii nutti cimsa jetti Ifraan. Ilmasheetti dhimma kana hubachiisuun akka irra jiru murteessun marii jalqabde. ''Daa'ima waliin waa'ee sanyummafi dararaa poolisii haasa'uun waan laphee namaa cabsu dha. Isaan gargaaruu akka hin dandeenye yoo beektu waan isaan gante sitti fakkaata. ''Ilma kee ganna 13tti poolisiin adii si ajjeesuu danda'a jedhanii himuun ulfaataa dha garuu fakkeessee bira darbuu hin fedhu,'' jetti Ifraan. Ilmi koo hubannoo otoo hin qabaatiin akka guddatu hin barbaadu jetti. ''Ilmi koo addunyaarrattis tahe ilmaan namaa irratti abdii akka kutatu hin fedhu. Kanaaf isa barsiisuun narra jira,'' Ifraan, ''namni filannoo ofii qabaatus Ameerikaan garuu hundee dhumaa rakkoo qabdi,'' jetti ''Seenaa Ameerikaa keessatti dhaabotni ijaaraman sanyummaan akka raawwatamuuf iddoo ni kennu. Sanyummaan dhimma tokko namni hamaa gatii taheef kan raawwatu miti. ''Dhimma caasaati, aangoo waliinis kan wal-hidhatu dha. Kana ijoollee ganna 13'f hubachiisuun salphaa miti. Dhimma ijoollees tahuu hin qabu ture.'' Hanga naaf danda'ame dhugaa warra gurraachaa, bakka buutummaa isaanii kan barnootaafi dhimmootaa kaanillee seenaa kaasnee haasofna. Yeroo rakkisaa kana keessatti immoo dhimma nuti to'achuu dandeenyurratti akka xiyyeefatuufi of akka kunuunsu ittan hima jetti Ifraan. ''Ilma kee ganna 13 poolisiin adiin ajjeefamuu dandeessa jechuun ni ulfaata'' jechuun himti.
oduu-42956495
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42956495
'Daayinoosarii lafarraa kan balleesse milkaa'ina isaati'
Qorannoon attamitti akka Dayinosaroonni guutummaa addunyaarra faca'an faana dhahu tokko bineesi kun lafarraa baduuf sababiin milkaa'inumasaa ta'uu akka malu agarsiisa.
T. rex, bineensota foon nyaatan guddicha lafarra jiraate ture Qorattoonni UK Dayinosaroonni osoo gophoon aduutti marsu (asteroid) isaan hin miidhiin dura lakkoofsi isaanii hir'achaa akka dhufe amanu. Sababin isaas, jedhu qorattoonni kun, dachee kanarra lafa isaan hin qubatiin hin jiru ture jedhama. Bakka irraa ka'an Ameerikaa Kibbaatii, Dayinosaroonni "Pilaanetii guutuudhaaf jedhanii sochii bifa weerara haaloo qabu fakkaatuun" godaanan. Akaakuun Dayinosaroos dhibboota hedduutti lakkaa'aman baayyee sodaachisaa kan ta'e T. Reeks jedhamu kaasee hanga baay'ee guddicha mormaa dheeratu Dippiloodokes jedhamuutti mul'atanii turan. Yeroo gophoon kun (asteroid) isaan fixutti garuu, dacheen itti dhiphataa waan dhufteef lakkoofsi isaanii hir'achaa dhufee ture. Qorannoon Joornaalii, 'Nature Ecology and Evolution', jedhamu daandii Dayinosaroonni Ameerikaa Kibbaa keessaa ittiin ba'an faana dha'ee ilaale. "Takkaamatti ifatti mullatanii saffisaan guutummaa dacheerra babal'atan," jedhu Dr. Kiriis, Yunvarsiitii Riidingitti qorataa dhimma kanaa kan turan. Dayinosaroonni carraa 'dhumaatii ' Du'a Guddicha' dachee kanarratti dur uumamee ture fayyadamuun babal'atan, jedha qorataan kun. Saffisaan guutummaa pilaanetii mancaatee turte kanarra, carraa argatan mara fayyadamuun, lubbu qabeeyyii biroo irraa morkiin cimaan osoo isaan hin mudatiin babal'achuu danda'an. Gara dhuma guutummatti dachee dhaalanii dacheerra bakka kamiyyu jiraachuu yeroo baraa dhufaniitti garuu ciminaan babal'achuun isaanii gadi xiqqaate. Dayinorasoonni akaakuu balali'oo ta'an kan yeroo ammaa simbirroota ta'an qofatu ofkale. "Dachee guutan, bakki deemanillee hin turre. Naannoo deemanii jiraatan hundatti baruufi jiraachuu waan haalaan danda'aniif sanyii haarawaa uummachuu/qabachuu hin dandeenye. Kun ammoo simbirrootarraa kan hafe bakka awwaalcha isaanii isa dhumaa ture," jedhu Dr Siyara O'Donovan Yunivarsiitii Riidingirraa. "Akaakuun Dayinosaroonni guutummaatti kan walitti fufinsaan baballata dhumaatii guddichaa irraan kan ka'e yeroo pilaanetiin kun qaamota xixiqqaatti addaan cicitudha," jedhu Prof David Martill Yunvarsitii Poortismawozirraa.
oduu-41662308
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41662308
''Chaayinaan addunyaa irratti yeroo shoora olaanaa taphattu keessa seentee jirti"
Chaayinaatti waltajjii siyaasaa guddaa kan ta'e walga'iin Paartii Komunistii, toa'annoo nageenyaa cimaadhaan Beejiingitti eegalee jira.
Yaa'ii Paartii Koministii Chaayinaarraa maal eegna? Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi hirmaattoota 2,000 ol ta'aniif magaalaa guddoo biyyattiitti haasaa taasisaa jiru. Walgahiin karra cufaan waggoota shanitti al tokkicha gaggeefamu kunis, eenyu Chaayinaa akka ogganuufi kallattii biyyattii kan gara fuula duraa ni murteessa. Namoonni 2000 ol walga'ii kanarratti ni hirmaatu Bara 2012 hoogganaa kan ta'an Mr Shii, aangoo isaanii kan cimsachaa turan yoo ta'u, dursaa paartichaa ta'uun akka itti fufanu eegamaa jira. Walga'iin waggoota 5 itti aananiif kallattii Chaayinaan itti adeemtu kaa'u kun torbee dhufutti ni xumurama jedhamee eegama. Akkuma walga'iin kun xumurameen, Chaayinaatti qaama murtee olaanaa kennu (koree dhaabbii Pooliitbuuroo biyyattii hoogganu) keessatti miseensoota galan paartichi ni ifoomsa jedhamee eegama. Pireezidaanitii Chaayinaa Zhii Jiinpiing Mr Shii haasawa isaanii keessatti guddina Chaayinaan yeroo dhihootti galmeessisaa jirtu ibsuun, ''bara kana keessa soshaalizimiin Chaayinaa jechuun, Chaayinaan addunyaarratti humna guddaa adduunyaa kanaa ta'uu'' jechuudha. Kanaafuu nuti siyaasa biyyoota gara biraa irraa garagalchuu hin qabne '', jechuun cimsuuun beeksisanii jiru. Itti dabaluunis: Pireesidantichi itti dabaluunis, malaammaltummaa ilaalchisuun angawoota paartichaa miiliyoonaan lakkaawwaman irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu isaanii ibsaniiru jechuun riippoortaroonni BBC Beeyjiing irraa ni gabaasu.
oduu-53684948
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53684948
Filannoo US2020: Chaayinaa, Raashiyaa fi Iraan filannoo Ameerikaa dhufu attamiin ilaalaa jiru?
Chaayinaa, Raashiyaa fi Iraan biyyoota filannoo pireezidantummaa Ameerikaa irratti dhiibbaa uumuu barbaadanidha jedhan aanga'aan olaanaa basaasaa Ameerikaa.
Dhimma filannoo irratti jiddu galtummaan qaamolee ala yaaddessaadha jedhan aanga'aan tika Ameerikaa Ibsi direektarri dhaabbata Ameerikaa basaasa qolatu Wiliyaam Evaaniinaa kennan akka agarsiisutti biyyoonni eeraman sadan "tooftaalee dhiibbaa ittiin uuman dhokatoo fi ifa ta'an" fayyadamaa jiru. Biyyoonni alaa kunneen filannoo Ameerikaa irratti dhibbaa uumuun, imaammata US jijjiirsisuu, biyya keessa nagaan akka hin jiraanne gochuu akkasumas lammileen Ameerikaa sirna diimokiraasii isaaniirraa amantaa akka hin qabaanne godhuu fedhu jedhan. Haa ta'u malee filannoo keenya irratti akka salphaatti dhiibbaa uumuu hin danda'an jedhan. Aanga'oonni basaasaa Ameerikaa Raashiyaan filannoo bara 2016 jidduu galtee akka turte himu. Raashiyaan duula na filadhaa Donaald Tiraamp deeggaraa turte jedhu. Raashiyaan garuu kana ni haalti. Dhimma jidduu galtummaa jedhame kana ilaalchisee maal gochuuf akka deeman ibsa miidiyaaalee Jimaataa irratti kan gaafataman pireezidant Tiraamp "itti dhiyeenyaan akka hordofan" himan. Ibsi aanga'aan basaasaa kennan kun wayita Tiraamp mala filannoo sagalee poostaan kennu irratti mamii guddaa akka qaban himaa jiranitti bahe. Tiraamp akki jedhan kara poostaa sagalee kennuun kuni "seena Ameerikaa keessatti filannoo hatamuu fi bu'aan isaa sirrii hin taane" akka raawwatu godha. Kanaaf jechaa yeroon filannoo akka dheeratu gaafatanis, warra paartii isaanii oso hin hafiin ittiin mormanii didan. Jidduu galtummaa qaamolee alaa filannoo baranaa irratti dhaabbileen basaasaa fi tikaa biyyattii odeeffannoo uummataaf kennaa hin jiran jechuun seera baastonni warra Diimokiraat komii kaasaa turan. Filannoo baranaa Sadaasatti guyyaan murameef kanaan Tiraamp marroo lammataaf filamuuf, bara Baraak Obaamaa pireezidantii itti aanaa kan turan Joo Baaidan ammoo pireezidantii ta'uuf morkatu.
oduu-54626184
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54626184
Filannoo US 2020: Imaammatoonni Tiraampiifi Baayidan maalfaadha?
Lammiileen US guyyaa filannoo nama isaaniif ta'u Doonaaldi Tiraampi fi Joo Baayidan keessaa kam akka ta'e sirriitti adda baafatu. Guyyaan filannoo ga'uuf torban lamatu hafa, haga ammaatti lammiileen Ameerikaa miiliyoona 20 caalan sagaleekennaniiru.
Qondaaltonni lameen ejjennoonsaanii maal akka ta'ee fi dhimmoota saddeet armaan gadiirratti imaammata akkamii akka qaban walbira qabnee dhiyeessineerra. Koronaavaayirasii Pirezidaanti Tiraampi garee addaa dhimma duula farra koronaavaayirasii irratti hojjetu dhuma Amajjii darbee keessaa hundeessuu himu, Amma nageenya uummataa fi uggura kaasuurratti xiyyeeffachuu ibsaa jiru. Maallaqa doolaara biiliyoona 10 ramaduun wal'aansa dhibee Covid-19 irratti xiyyeeffatanii akka hojjetaa jiranis himu. Joo Baayidan nama vaayirasichaan qabamee fi hin qabamne adda baasuuf mala dandeessisu akka biyyatti diriirsuu fedhu. Qondaalli kun giddu gala qorannoo 10 tokkoon tokkoon kutaalee biyyaa US keessatti hundeessuu fi tajaajila qoratamuu bilisaan kennuuf karoora qabu. Akka biyyaatti maaskiin yookiin haguugduun funyaanii fi afaanii dirqama ta'uu qaba jedhu. Of-eeggannoowwan godhamuu qaban irratti rincicuun Tiraampi namoota 250,000 galaafateera jedhanii amanu. Haala qilleensaa Pirezidaanti Tiraampi jijjiirama qilleensaa wanti jedhu hin jiru, dhara jedhu. Maddeen anniisaa hin haaromfamne babal'isuu fedhu.Boba'aa fi gaazii baasuuf karoora qabu, haala kanaan eegumsa hojii eegumsa naannoo dura dhaabbatu. Walii galtee jijjiirama qilleensaa Paaris keessaa ba'uuf fedhii guddaa akka qaban ibsaniiru, US bara kana gara xumuraa seeraa keessaa baati. Joo Baayidan yoon filatame hatattamaan walii galtee kanatti deebina jedhan. Hanga bara 2050tti US aara gubataa qilleensatti gadi lakkistu zeerootti gadi buusti jedhu, karoora boba'aa fi gaazii baasuu haquuf deemu, anniisaa madda haaromu irraa misoomsuuf ammoo doolaara tiriiliyoona lama nan ramada jedhan. Diinagdee Pirezidaanti Tiraampi ji'oota 10 keessatti carraa hojii miiliyoona 10 nan uuma, hojii biizinasii miiliyoona tokko banuun carraa nan diriirsa jedhu.Gibira kubbaaniyyaawwan gurguddoo irraa hir'isuun akka bilisa ta'anii carraa hojii bal'aa uuman nan godha jedhu. Joo Baayidan kanneen galii guddaa argatan gibira guddaa kaffaluun hawaasi invastimentiirraa tajaajila ga'aa akka argatu gochuu fedhu. Daballiin gibiraa kun namoota galiin isaanii doolaaraa 400,000 caalu qofa ilaallata jedhan. Galiin guyyaan lammiileen argatan inni xiqqaan sa'atiitti kan amma jiru doolaara 7.25 irraa gara 15 akka guddatu nan hojjedha jedhu. Fayyaa Pirezidaanti Tiraampi imaammata fayyaa Obaamaa gonkumaa hin fedhan. Balleessuu barbaadu. Akkaataa labsii 'Affordable Care Act' jedhamuun mootummaan federaalaa dhaabbilee fayyaa tajaajila kennan ni to'ata. Dhaabbileen tajaajila fayyaa kennan namni rakkoo fayyaa qabu yoo tajaajila gaafate diduu hin danda'an akka labsii kanaatti. Tiraampi garuu waan 'Obama Care' jedhamu kana cicciree gateen kan biraatiin bakka buusa jechuun dhaadatu. Gatiin qorichaa kan amma jirurraa akka hir'atu nan godha, biyyoota biroorraa dawaan gatii rakasaan akka biyya seenu nan iyyamas jedhan. Joo Baayida imaammata fayyaa Obaamaa 'Obama Care' ittan fufsiisa jedhu. Namoonni umriin jaaran carrraa ittiin tajaajila wal'aansa fayyaa argatan nan mijeessa jedhan. Lammiileen Ameerikaa hundi tajaajila fayyaa hawaa argachuuf galmaa'uu akka danda'an haala nan mijeessa jedhu. Imaammata alaa Pirezidaanti Tiraampi loltootasaanii biyya alaa jiran lakkoofsa hir'isuufi biyyasaaniif akka tajaajilan gochuu fedhu. Taarifa olaanaa daldala Chaayinaarratti nan fe'a jedhu. Joo Baayidan hariiroo biyyoota alaa tiraampi balleesse nan sirreessa, biyyoota Ameerikaan mufachiifte nan kiisa jedhan. Dhimma Iraan fi Chaayinaa irratti imaammatisaanii kan Tiraampiin faallaadha. Sanyummaa ilaalchisee Pirezidaanti Tiraampi caasaa qaamolee nageenyaa keessa rakkoon sanyummaa hin jiru jedhu. Poolisiin seera kabachiisuu qabaata, seer-maleessummaan akka dagaagu iyyamuu hin qaban jedhu. Poolisii osoo hin taane kan balaaleffatamuu qabu warri hiriira ba'aniidha. Namoota hiriira ba'aniin 'wanbadee' jedhuun, Tiraampi. Joo Baayidan caasaalee nageenyaa keessatti sanyummaa hundee gadi jabeeffateera jedhanii amanu.Kana balleessuuf nan hojjedha jedhu. Meeshaalee waraanaa ilaalchisee Pirezidaanti Tiraampi heerri mootummaa Ameerikaa lammaffaa fooyya'ee ba'e lammiileen biyyattii meeshaa waraanaa hidhachuu akka danda'an iyyama jechuun hiika itti kennu. Namoonni meeshaa waraanaa bitatan duubi isaanii akka qoratamu jedhamee ture, haata'u hanga yoonaa waan kana hojiirra hin oolchine. Joo Baayidan meeshaa waraanaarratti seerri cimaan akka jiraatu fedhu. Namoonni bitan duubni isaanii akka qoratamu, namni tokko ji'atti tokko qofa bitachuu akka danda'u, dhaabbilee maal-na dhibdeedhaan meeshaa waraanaa oomishanii gurguran itti gaafatamtoota gochuu fi gosa meeshaa waraanaa lammiileen bitachuu danda'an seeraan murteesuuf akka hojjetan himan. Abbootii seeraa mana murtii walii galaa ilaalchisee Pirezidaanti Tiraampi mirga heerri mootummaa naaf kenne fayyadamuun bakka abbaa seeraa mana murtii walii galaa nama biraa muuduu nan danda'a jedhu. Asirratti akkuma jedhan dubartii Eemii koonii Baareet jedhamtu kaadhimamummaan dhiyeessanii turan. Dubartiin kun akkuma muudamteen murtee kan kennite dhimma ulfa baasuurratti. Kanaan dura Tiraampis ta'e Baareet ulfa baasuun Ameerikaa keessatti seeraan ala akka ta'u fedhu. Joo Baayidan muudamni kun filannoo booda ta'uutu irra ture, pirezidaantiin yeroon turtii isaa hobba'aa jiru fedhii lammiilee Ameerikaa irratti murteessuun irra hin jiru jedhu. Mirgi ulfa baasuu seeraan akka eegamus barbaadu.
oduu-49068132
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49068132
Chandirayaan-2: Indiyaan imala gara Addeessaa eegalte
Indiyaan torban darbetti eegaluuf karoorfamee sababa rakkoo teeknikaan haqame kan ture imala hawaa isa lammafaaashee deebitee yaaluufi.
Chandirayaan-2 har'a Wiixata akka biyyittiitti waaree booda sa'aatii 8:43tti wiirtuu haawaa Siriharikotaatii lafarraa ka'e. Dabalataanis rookkeetiin kun "isa duriirra hedduu jabaatee, mul'ata biyya lammilee biiliyoonaa ol qabduu Adeessatti gessuuf" qophaa'aadha jedha. Rookkettiin kun utuu imala gara Addeessaa hin eegaliin guyyoota 23 keessa turuuf orbitaa lafaa keessa galeera. Taateen kun televiziyoonaafi midiyaalee hawaasumma Isro irratti kallatiin tamsaasamera. Imalli baajata doolara miiliyoona 150 kun bantii Kibba Adeessaarra qubachuun isa jalqaba akka ta'u hawwii dhaabbata hawaa kanaati. Akka Isro jedhutti imalli Adoolessa 15 taasifamuuf ture sababa "rakkoo teeknikaa kutaa rookkeetii ol dhukaasuu kessatti argameef " jecha ka'umsa karoorfame daqiiqa 56 dura haqame. Isroon imalli kun lafarra harkifatus deggarsa jiruuf uummata galateeffateera. Imalli kun maal irratti xiyyeefata? Imalli hawaa Indiyaa bara 2008 - Chandirayaan-1 - adeesarra hin qubatiin hafus, qorannoo adeessarra bishaan barbaaduu isa jalqabaa isa gadi fageenyaan hojjetame gaggeesse ture. Chandirayaan-2 bantii Kibbaa Adeessaa kan badaa hin qoratamne irra qubachuuf ni yaala. Ergami imala kanaa dirra adeessarratti xiyyeeffachuun albuudotafi bishaan barbaadu, kirkira adeessarra jiru safaruufi qorrannoowwan biroos ni taasisa. Indiyaan imala kanaaf rookkeetti cimaa isa qabdu 'Geosynchronous Satellite Launch Vehicle Mark III (GSLV Mk-III)' jedhamu fayyadamti. Rookketiin kun ulfaatina Kg 640000 fi dheerina meetira 44 kan qabudha. Adeessarra qubachuun booda konkolaataan adeessarra suuralee adda adda kaasuun gara lafaatti ni erga. Imalli gara Addeessaa hagam fudhata? Imalli km 384,000 adeemuuf eegalamu kun Addeessarra fulbaana 6 ykn 7 ni xumurama kan jedhu abdii Isro dha. Harkisa lafaa (giraavitii) fayyadamuun dhabbatti hawaa kun kallattiwaan imala filateera, kun immoo saatelaayyiti kan gara Addeessaatti furguggeessuuf gargaara. Saatelaayitiin erga rookketti irra gargar ba'ee gara Addeessaatti waan furguggeefamuuf namooti rookkeetti to'aatan daqiiqaa 15f callisanii ilaaluun alatti homaa goochuu hin danda'ani jedhu hogganaan Isro Dr K Sivan. Satelaayitin kan qubachuu danda'u siistamooti hundi yoo sirritti waliin hojjetan qofa, ta'uu baannaan dirraa adeessarratti kufee caccabaa jedhu Dr Sivan. Jalqaba waggaa kanaatti yaaliin imala gara Addeessaa Israa'eel jalqabaa satilaayitiin yeroo qubachuuf jedhutti addeessarratti caccabe. Ergamaimala kanaa irratti injiinarootaafi saayintistoota 1000 ta'antu hirmaate. Yeroo jalqabaaf garuu Isroon ergama hawaa kana dubartiin akka hoggantu filateera. Dubartooti lama imala gara Addeessa Indiyaa ni gaggeessu. Daariktarri sagantichaa Muthaya Vanitha waggooti dheeraaf Chandirayaan-2 k kunuunsa kan turteyoo ta'u, adeemsu kun kan qajeelfamu Ritu Karidhal kan jedhamtuuni.
oduu-45002870
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45002870
Du'a Injinar Simmanyaw Baqqala: Sirna awwaalchaa irratti waan jedhame
Sirni awwaalcha Injinar Simanyaw Baqqalaa Kamisa Adoolessa 29, 2018 Bataskaana Kaateederaal Qiddisit Silaaseetti raawwatameera.
Sirna awwaala Hoji-gaggeessaa Pirojektii Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa kana raawwachuun dura namoonni hedduun bakka lubbuun isaanii darbe Addabaabaayii Masqalaatti ba'anii gaddaa guddaa itti dhaga'ame ibsataa turaniiru. Namoonni gaddaafi ba'an kun osoo oolee hin buliin qaama du'a Injinar Simmanyawuuf itti gaafatamaa ta'u akka beeksisu mootummaa gaafachaa turan. Sirna awwaalcha Injinar Simmanyaw kanarratti namoonni hedduun argamuu fedhanii ture. Haata'u malee, 'hanga bataskaanni danda'uun ol waan ta'eef namoonni gara Bataskaana Kateederaal Qiddisti Sillaasee taasisuuf fedhan humna nagaa eegsisaniin dhowwamaniiru. Sirna awwaalcha injinar Simmanyaw Baqqalaa Wal-diddaa sababa kanaan uumameenis poolisiin gaazii imimmaanessu namoota irratti dhukaasee namootni miidhamaniiru. Namoonni sirna awwaalichaarratti argaman maal jedhan? Ministirri Humna Ittisa Biyyaa Obbo Mootummaa Maqaasaa, yeroo Ministira Bishaan, Albuudaafi Inarjii turan Injinar Simanyaw waliin akka hojjetan dubbatu. "Jireenyaafi hojii maatii isaanii dhiisanii fiixaan ba'iinsa pirojektii guddaa kanaaf of kennanii hojjetaa turan," jedhan. Pirojektiin Hidha Haaromsa Itoophiyaa Injinar Simanyaw gaggeessaa turan pirojektii biyyaati waan ta'eef kan inni jalqabe kun akka fiixaan ba'uuf imaanaan kana nama hundumaati jedhu. Injinar Simmanyaw Baqqalaa rasaasaan du'uun mirkanaa'e Waa'ee du'a Injinar Simmanyaw amma dura waan beeknu "Akkuma inni dadhabeera, nuffeera osoo hin jedhiin dhama'aa ture xiiqiidhaan hojjennee milkeessuu qabna," jedhaniiru. Obbo Alamaayyoo Taganuus yeroo Ministira Bishaanii, Jallisiifi Inarjii turan A.L. I bara 1998 irraa kaasanii yeroo Injinar Simanyaw Pirojektii Gilgel Gibee II gaggeessaa turanirraa qabanii akka beekan dubbatan. "Injinar Simanyaw fakkeenya injinarootaati. Nama dadhabe osoo hin jedhiin saatii 24 hojiirratti dabarsan," jedhan Obbo Alamaayyoon. Amma Injinar Simanyawuun boqotaniiru waan ta'eef kan isaan jalqaban kana xiiqiidhaan hojjetanii milkeessuun ga'ee lammii biyyattiitis jechuun dhaamsa dabarsaniiru, Obbo Alamayyoon.
oduu-49196435
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49196435
MM Abiy Ahimad: 'Shaffatanii hidhame jechuun fudhatama hinqabu'
Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad ibsi kaleessaa miidiyaaleef kennanin dhimmoota kaasan keessaa tokko rakkoo nageenyaa Lixa Itoophiyaatti dhalatee turedha.
Dubbii isaaniin rakkoon nageenyaa gamas ture guddaa fooyya'uu dubbatan. Waamicha Abbootii Gadaan miseensonni duraanii ABO ummatatti makamanis, muraasni hafan rakkoo akka uumaa jiran mootummaan ni himata. MM Abiy yaada kennanin ''Meeshaa qabatanii, shaffatanii hidhame miidhame himanni jedhu fudhatama hin qabu,'' jedhaniiru. ''Humni hamma tokko Lixa Wallaggaa jiru karaa nagaan Oromiyaas ta'e Itoophiyaa keessatti yoo filannoon mo'ee, aangoo qabachuu danda'a.'' Dursa himachuuf seera kabajuu barbaachisa jechuun biyyaattii keessa eessattiyyuu qaamni socho'u seera hordofee socho'uu qaba jedhan. Kanaan ala tarkaanfii cimaa akka fudhatamu ibsuun Lixi Itoophiyaa yeroo darbee irraa nageenyaa tasgabbaa'aa qaba jechuun ibsan. ''Nageenya jijjiirama dura turerraa fooyyee qabu qabaa. Kuni cimee itti fufa. Kan seeraan dhufe seeraan deebisna, seeraan ala kan meeshaan yaadus haaluma sanaan itti deemna,'' jedhan. 'Taateen Waxabajjii 15 baay'ee hamaa ture' Ajjeechaa jeneraalota lamaa baatii Waxabajjii keessa Itoophiyaa keessatti dhaqqaben kan shakkame yeroo ammaa mana yaalaa jira. ''Kan miidhame morma isaa irra waan ta'eef dubbachuu hin danda'u,'' kan jedhan MM Abiy,'' hanga itti wayyaa'utti wanti haaraa hin argamne,'' jechuun dubbataniiru. ''Tarii yeroo fayyu, odeeffannoon dabalataa argamuu danda'a,'' jedhan. Isaan alatti namoonni shakkaman kaanis argamu himan. Kanneen keessaa yeroo fonqolchi mootummaa naannoo Amaaraatti raawwatu nama natti himi jedheefi namni itti hime qabameera jedhan. Akka MM Abiy jedhanitti wantichi ''waan dursee karoorfamedha.'' Ajjeechaan yeroo darbe 'hamaa ture' jechuun Ministirii Muummee Abiy ibsun waan fashalaa'ef salphisnee hin ilaallu jedhan. Dhimma ajjeechaan walqabatee ''odeeffannoon hedduu jira'' kan jedhan bulchaan Itoophiyaa, biyya keessas hojjettoota mootummaa dabalatee qarshii, hojii miidiyaafi kaaniin kan gargaaran jiru jedhan. Leenjii waraanaa kennu, meeshaa bituu, akkasumas ajjeechaan akkanaa akka ta'uuf deemu bira qabani kanneen haasawan dabalate jedhan. Isa mootummaan ajjeechaa kana hordofee sagalee qeeqa kan kaasan gad qabaa jira isa jedhuf yoo gaafataman dirreen dimookiraasii akka banamu kan taasise mootummaa waan ta'ef gadi qabuuf hojjetaa hin jirru jedhan. ''Taateen Waxabajjii 15 baay'ee hamaa ture. Imala dimookiraasii eegalle duubatti deebisuuf kan balbala banu ture. Akka waan salphaatti ilaalamuu miti,'' jechuun dubbatan. ''Wanti Waxabajjii bultii 15 osoo fashalaa'uu baatee akkuma karoorfameen namoota hedduu irratti osoo ajjeechaan raawwate dhumaatii guddaa fidu danda'a ture.'' Waan fashalaa'ef namoonni salphisanii ilaaluu hin qabani jedhan. Ajjeechaa raawwate irratti yaadni tokko mootummaan tarkaanfii gahaa hin fudhanne kan jedhu yoo ta'u kaan immoo hidhaan baay'ate kan jedhu dhagahama. Isa irratti deebii yoo deebisan, sa'aatii 24 keessatti eeruun 1,200 nu dhaqqabeera kan jedhan MM Abiy Ahimad, isa keessaa muraasa qofa to'annoo jala oolchine jedhan. Kanneen hidhaman 350 keessaa 120 kan tahan hiikamuus dubbataniiru. Rakkoo Sidaamaatti dhalate Rakkoo naannoo ta'u Godina Sidaamaa irratti deebii kan deebisan MM Abiy gaaffii Sidaamaa gaaffiin siyaasaa qofa hin deebisu jedhan. Gaaffiin seeraafi gaaffii bulchiinsaas deebi'uu akka qabu eeran. Kanaafis akka fakkeenyaatti Boordii Filannoo kaasuun humni jaarmiyaa kanaa akka hin cimne himan. Godinni tokko yeroo naannoo ta'u qoodama qabeenyaa, fi gaaffiin biraas ni ka'a jedhan. Ummata kaan naanno ta'u gaafatanif dubbii taasisaniin ummatoonni yeroo naannoo ta'uf jedhan faayidaa siyaasaan alatti bu'aa akkami akka fidu dursanii yaaduu qabu jechuun himan. Dhimma Intarneetii Torban muraasa dura yeroo qormaata biyyaalessaa dabalatee intarneetiin ciccitaa ture. ''Intarneetiin bishaan miti, qilleensa miti garuu teknooloojii barbaachisaadha,'' kan jedhan Ministirri Muummee Abiy kuni garuu kan ta'uuf wanta gaariif yoo itti fayyadamne qofaadha jedhan. Garuu, ''intarneetii irratti ajjeesi, jabaadhu, guubi jennee yoo wal ficcisiisna tahe torbaniif miti guttummaattuu cufamuu danda'a,'' jedhan. Mootummaan lubbuu namaa baraaruufi qabeenyi akka hin barbadoofne gochuuf akka intarneetii cufellee himaniiru. Yeroos garuu qaamni mootummaa as bahee maaliif akka cufame dubbate hin turre. Kanaafuu, addunyaan biraa kan ofi ilaalee maaliif intarneetiin cufame inni jedhu sirrii miti jechuun biyya Ameerikaatti namni aangoof jedhee obboleessa ofii hin ajjeesu jechuun dubbatan. Gama kaaniin, haala amma jirun biyyoota Itoophiyaan ollummaa gaarii walin qabdu keessaa Ertiraan tokko ta'u kan himan MM Abiy, walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii bu'uura seeraan akka ta'u hojjetamaa jiraachuu ibsan.
oduu-51561261
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51561261
Lubummaan koreen hundeesitoota mana lubummaa Oromiyaa qabameera jedhe Qulqulluu Sinodosiin
Fooramiin Qulqulluu Sinodosii A.L.I Guraandhala 9 bara 2012 taa'amaa ture har'a sa'a booda xumuramuun ibsa kennaniiru.
Barsiisaa mana amantaa Ortodoksii Tewaadoo Itoophiyaa Haayilemikaa'el Taaddasaa Ibsicha barreeffamaan kan dhiyeessan Qulqulluu Abuna Maatiyaas yoo tahan qabxiilee kanneen gadii irratti ejjennoo sinodosichaa ibsaniiru. Koree hundeessitoota mana lubummaa Oromiyaa Phaaphaasichi koreen hundeessitoota mana lubummaa Oromiyaa jechuun socho'u seeraan alaa fi beekamtii mana amantichaan ala tahuu ibsan. Danbii fi beekamtii mana Amanataa Kiristaanaan ala ka'uun mana lubummaa Oromiyaa hundeessuuf Qulqulluu Sinodosii irraa Tsinaatsilli eebbifamee nuuf kennameera jechuun Mana Lubummaa hundeessineerra kanneen jedhan: 1 Luba Balaay Mokonnin 2 Abbaa Gabramaariyaam Nagaasaa 3 Barsiisaa Haayilemikaa'el Taaddasaa 4 Luba Badhaasa Tolaa Beekamtii bataskaanaan ala amantoota waliiwallachisuun 'barumsa gantummaa' barsiisaa turuun isaanii ragaadhaan deeggaramee Qulqulluu Sinodosiif gahuu isaa hordofee gochaa isaanii kana irraa akka of qusatanii fi dhiifamaan gaabbanii hanga deebi'anitti Guraandhala 11/2012 irraa eegalee lubummaan mana kiristaanaa irraa isaaniif kenname qabameera jedhan. Namootni olitti eeraman kunneen mana amanataa kiristaanaa keessatti sochii tokko iyyuu akka hin goonee fi tajaajila afuuraas akka hin kennine ibsaniiru. Namootni kunneen balleessaa isaanii irraa gaabbanii yoo deebi'an dhimmi isaanii irra deebi'uun ilaalamuu danda'a jedhan. Qulqulluu Sinodosiin namoota jedhaman kanneeniif tsinaatsilli kenname akka hin jirres yaadachiisee, amantootni namoota akkasii ofii dogpogoranii nama dogogorsan irraa amantii isaanii fi danbii bataskaana isaanii yeroo kamiyyuu caalaa eeggachuu qabus jedhan. Paatiriyaarkiin duree waldaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas Koree hundeeffama mana lubummaa Oromiyaa keessaa tokko kan tahan barsiisaa Haayilemikaa'el murtoo isaan irratti darbe BBCtti himaniiru. Barsiisaa Haayilemikaa'el lubummaan koree sochii gochaa jiruu akka qabamu, tajaajilli mana lubummaa Oromiyaan kennamu akka dhaabbatu, dameen mana lubummaa Oromiyaa keessatti banamaa ture akka cufamu fi hoggantoota mana lubummaa Oromiyaa irratti himannaan seeraan akka banamu murtaa'uu beekna jedhan. Murtoo darbe ilaalchisee ammoo barsiisaa Haayilemikaa'el loogii of keessaa qaba jedhan. Miseensonni Sinodosii guutuun hin argamne jedhanii murtoo kana miseensonni dabarsan 78 keessaa 25 qofatu murtoo kana irratti argame jedhan. Dabalataan loogiin sabaas jira jedhan. Naannoo Tigiraay irraa miseensonni hirmaatan nama lama qofa tahuu himanii isaan keessaas sochii mana lubummaa Oromiyaa kan morman nama tokko qofadha jedhan. Miseensi biraa Oromiyaa irraa hirmaatan tokko 'ani abbaa uummataa' waan taheef murtoo kana hin fudhadhu jedhanii ijoollee kana ofitti qabnee karaa nagaa hiikamuu qaba jechuun himan jedhan barsiisaa Haayilemikaa'el. Murtoon darbe dhiibbaa fi loogii sanyummaa miseensota naannoo Amaaraa irraa argamaniin darbe jedhanii kun miseensota naannoo Oromiyaa mufachiisa jedhan. Murtoo kana hordofee barsiisaa Haayilemikaa'el abaarsaa fi jibba nurratti labsame kana nuyi jaalalaan deebisna jedhan. Miseensonni keenyas murtoo keenya obsaan nu eeguu qabu jedhanii rakkoon tokko iyyuu akka uumamu hin barbaannu jedhan. Kanaaf karaa dhaaba waloo keenyaa irratti mari'annee ibsa kenninaaf jedhan. Gama keenyaan hanga murtoo jiru dhagahanitti gara tarkaanfii kamiittuu hin galle barbaanna jedhan. Amma dhugaan isaa barameera kan jedhan barsiisaa Haayilemikaa'el amana Oromoo mana kiristaanaa keessaa baasuuf dhiibbaa siyaasaa gaggeeffamaa turedha jedhan. ''Barsiisa Haayilemikaa'el, lallaba Luba Balaay hin barbaadu jedhudha dhimmichi. Dhugaa qabannee uummatni keenya afaan isaan haa tajaajilamu jennee, karri mana kiristaanaa nuuf haa banamu jennee, manni kiristaanaa nuuf haa babbal'atu jennee abaaramuu keenyaan eebba arganneerra.'' Mana amantaa akka imbaasii siyaasaatti itti fayyadamamaa tureera jedhanii murtoon kun carraa tajaajilaa nuuf bal'isa jedhan. Dabalataan Siinodosi Qulqulluun ibsa kenne keessatti bakka waaqeffannaa waliin wal qabatee walitti bu'insa yeroo darbe magaalaa Finfinnee naannoo 22 jedhamee beekamutti uumameen lubbuu namaa darbeef yakkamtootni seeraan gaafatamuu akka qabanis himaniiru. Imireetota wal tahan keessatti mana kiristaanaa banuuf lafa gaafachuu turuu ibsuun hojii MM Abiy Ahmad hojjetaniin amma milkaa'uus ibsaniiru. MM Abiy Ahmad erga gara aangootti dhufanii hojii mana amantichaa akka hojii dhunfaa isaaniitti fudhachuun hojjechaa turuu ibsuun Qulqulluu Sinodosichi galatas dhiyeesseeraaf.
46107640
https://www.bbc.com/afaanoromoo/46107640
Galaasaa Dilboo: 'ABO walitti deebisanii tokkoomsuun ulfaataa miti'
Jilli mootummaa Itoophiyaa MM Abiy Ahmad waliin daawwannaaf gara Awurooppaa imale Hayyuu Duree Adda Bilisummaa Oromoo Qaama Ce'umsaa Obbo Galaasaa Dilboo fi hooggantoota gameeyyii paartichaa waliin marii geggeessaniiru.
Jila mootummaa Itoophiyaa waliin walarginee jijjiirama amma biyya keessa jirurratti mari'anneerra, haasaa keenya keessattis wal-hubannoo gaariirra geenyeerra jedhan Obbo Galaasaan. Sagantaa fi kaayyoo ganamaa keenya qabannee karaa nagaatiin olaantummaa seeraa kabajnee dhiibbaa siyaasaa kamiyyuu malee biyya keenya keessatti deebinee ummata keenya ijaaruuf sochoonas jedhan. ''Afaan qaawweetiin otoo hin taane karaa nagaatiin qabsoo geggeessuu, olaantummaa seeraa kabajuun nageenya mirkaneessuu akkaataa itti dandeenyuu fi akkasumallee miseensotaa fi waa'ee hoogganoota keenya achi buuteensaanii dhabamee kaasnee dubbannee, wal hubannoorras geenyeerra'' jedhu. Yeroon biyyatti deebinu hin beekamne kan jedhan Obbo Galaasaan akkuma qophii xumuranitti gara biyyaa deebi'uun jijjirama siyaasaa biyya keessatti mul'achaa jiru akka tumsan himan. Dhaabilee maqaa oromootiin socho'an biroo waliin walii galuun dhimma Oromoorratti kaayyoo tokkooof hojjechuuf ejjennoo akka qabanis ibsaniiru. Jijjiiramni mul'achaa jiru akkaataa dantaa Oromoo eegsiseen akka deemuuf dhaabota Oromoo waliin waltumsinee hojjechuun kaayyoon keenya deemaa jirruuf keessaa tokkodha jedhan. Haalli siyaasaa amma biyyattii keessa jiru kan nama hojjechiisuu danda'uudha kan jedhan Obbo Galaasaan, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirratti xiyyeeffachuun ga'ee keenya gumaachuu feena jedhan. ABO'n deebi'ee tokkoomuu danda'aa? Dhaaboti siyaasaa maqaa ABO'n bakka gara garaatti wal qoodan deebi'anii tokkoomuuf carra qabuu jennee gaafannee turre. ''Garaagarummaa waan qabnuuf waggaa dheeraa haganaa adda baanee turre. Namni waan irratti waldhabe beeku nagaa buusee walitti deebi'ee waliin hojjechuuf isa hin dhibu'' jedhan. Bara mootummaa Ce'umsaa Hayyu duree ABO kan turan Obbo Galaasaa Dilboo maaltu akka ABO adda qoqqoode dubbachuurraa of qusataniiru. ''Rakkoo adda nu baase gaafuma wal-arginee dubbanna malee amma yoon dubbadhe yaada kiyya qofa ta'a. Wal-arginee waan madaala qabu dubbanna'' jedhan. Ta'us "namni waan irratti wal-dhabe tolchee hubate, wal-ta'uu akka hin dadhabne beekamaadha, keenyas kanarraa adda hin ta'u" jedhan. Ijoollummaasaaniirraa gara qabsootti makamuu kan dubbatan Obbo Galaasaa Dilboo ALA bara 1974 irraa eegalanii sadarkaa adda addaatti qabsoo Adda Bilisummaa Oromoo keessatti qooda fudhataa turani. Uummanni akka hin dogongorree fi maqaansaanii sirriitti akka beekamuuf ABO Qaama Ce'umsaa jedhanii akka of moggaasan kan dubbatan Obbo Galaasaan kaayyoo ganamaa qabsoo bilisummaa Oromoorraa osoo hin goriin itti cichinee jirrra jedhan. ''Addi Bilisummaa Oromoo kaayyoonsaa ganamaa ummata Oromoof qabsaa'uu waan ta'eef dhaaba gurmuu tokkummaa fi sobboonummaa Oromoo jabeessuu kamiyyuu waliin taanee hojjenna. Warreen walitti dhufeenya keenya gufachiisuu barbaadan ummanni Oromoo waan beekuuf irratti hojjechuu qaba'' ''Addi Bilisummaa Oromoo aduu amma bahuu barbaaddu kana kunuunfatee akka ummanni keenya ho'ifatu irratti cichee hojjetuu qaba'' jedhan. "Kana kanaan duraarraa barannee carraa amma jirutti dhimma bahuun saba keenyaaf waa buusuu qabna'' jedhan.