id
stringlengths
8
17
url
stringlengths
40
49
title
stringlengths
21
147
summary
stringlengths
21
777
text
stringlengths
264
23.2k
oduu-52192107
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52192107
Isheen Eenyu 20: Maqaashee barreessuu qofa barattee haa dhiistu jedhanii barnoota na galchan'
Dr. Bashaatuu Farradaa : 'Maqaashee barreessuu qofa barattee haa dhiistu jedhanii barnoota nagalchan'. Yeroo ammaa Yunvarsiitii Wallaggaatti Pirezidaantii ittiaantuu ta'uun tajaajilaa kan jiran Dr. Bashaatuu Farradaa Shaambuutti dhalatanii guddatan.
Barnoota isaanii sadarkaa jalqabaa fi lammaffaas magaala shaambuutti eegalanii Bishooftuutti xumuran. Digrii jalqabaa fi lammataa yunvarsiitiiwwan Maqalee fi Finfinneetti baratan. Abbaan isaanii Ijoollummaatti waan jalaa boqotaniif barnoota barachuuf qorumsa ture akkanaan yaadatu. "Harmeen keenya qonnaan bultuudha. Bakka abbaan warraa hin jirretti ijoollee torba qofaa ofii guddisanii barsiisuun baayyee qorumsa isheetti ta'ee ture." Jedhu. Haati ishee barumsaaf bakka guddaa akka kennan kan himan Dr. Bashaatuun, warri naannoo isaanii ijoollee barumsatti ergitee nama ishee gargaaru dhabuurra akka nuti barnoota adda kunnu ishee gorsaa turani jedhu. "Ati qofaakee maaf rakkatta ijoollee loon tiksu, kan qotiisa qotu sibarbaachisa. Kanaaf barumsa dhiisanii akka hojii sigargaaran maaf hin gootu kan jedhu dhiibbaan haadha keenyarra gahaa ture" jedhu. Yeroo sanatti obbolaashee kaanirra kan harmee isaaniif dhimmamu ishee ta'uufi fedhiin akka barumsa dhaabuu anarratti xiyyeefatame tures jedhu. "Isaan kaan haa baratani ishee hambisi jechaanii turan. Harmeenkoommoo 'mee maqaashee barreessuu haa barattuutii isaan boodan dhaabsisa" jettee murteesite" jedhu. Erga barumsa eegaltee ciminni barumsarratti mul'iste murtee barumsarraa dhaabsisuuf haatishee karoorfatan akka jijjiirsises himu. "Ani gaafan barumsa seenu tokkoffaan bahe. Yeroo kana karoorrii akkan maqaakoo qofa barreessuu baradhee barumsa dhiisuuf yaadame nihafe. Harmeenkoo yaada jijjiirtee akkan barumsa itti fufu murteessan " jedhu. Yunvarsiitii Maqalee irraa saayinsii fayyaa beelladaatiin qabxii olaanaa galmeessisuun badhaafamuus himu. Erga eebbifamanii magaala Boteetti kilinika fayyaa beelladaatti qacaramanii hojjechaa turan. Ergasiis hanga itti gaafatamummaa amma irra jiran kana gahanitti yunvarsiitii Walaayitaa sooddoo fi Wallaggaatti barsiisummaadhaan hojjetaniiru. Dubartummaan mataa isaatti qorumsaan kan guutamedha kan jedhan Dr.Bashaatuun, ilaalchi dogogoraa hawaasni dubartootaaf qabu fuulduratti fageessanii tarkaanfachuu irratti gufuudha jedhu. "Ka'umsakoo yoon ilaalu dhuguma asin gaha jedhee yaadee hin beeku.Garuu ati kaayyoo qabaannan galmakee bira inuma geessa.Kaayyoo hin qabdu taanaan garuu karaan hunduu sirrii sitti fakkaata. Karaan inni suni garuu galmakeetin singahu" jedhu. Bu'aa bahii hedduu keessa darbuun imala kaayyoo isaanii karaa walakkaa deemuu himuun, qorumsi dubartummaan keessa darbe hamilee cimaa natti uumeera jedhu. Muuxannoo jireenya isaanii fi dubartoota kaayyoo isaanii hanqatan arganirraas dubartootaaf dhaamsa dhaamu. "Dubartoonni dura kaayyoo isaanii adda baafachuu qabu. Eessa gahuuf akka barbaadan. Bakka gahan kanammoo karaa isa kamiin yoo deeman akka gahanis sirritti hubachuu qabu. Bakka wayii gahanii fiixa baaneerra jedhaniis yaaduu hin qaban.asgaheera kana boodas waan baayyeetu narraa eegama jedhanii hojjechuu qabu" jedhu. Milkaa'ina xiqqootti gammadanii galma gahuu qabanirraa hanqachuunis waan dubartoota milkii guddaarraa hambisu ta'uu eeru. Kutannoon kaayyoo ofiitti cichuun kuni garuu dubartoota dirree barnootaa irra jiraniif qofa osoo hin taane dubartoota hojii kamirrattiyyuu hirmaataniif hedduu murteessaa ta'uus dhaamu Dr.Bashaatuun.
oduu-51788675
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51788675
Koronaavaayirasii: Xaaliyaan namoota miliyoona 16 addatti itti cuftee
Kaaba Xaaliyaan naannoo Lombaardiitti lammileen aanaalee 14 keessa jiraatan miliyoona 16 ta'an bakka tokkoo bakka biraatti akka hin sochooneef addatti baafamanii hanga baatii Eeblaatti akka turan ministirri muummee biyyattii himan.
Magaalaan Milaaniifi Veniis yaalii Koronaavaayirasii Xaaliyaan keessatti to'achuudhaaf taasifamuun maagaalota hedduu itti cufamuuf deemu keessaati. Tarkaanfiiwwan jajjaboo biyyattiin namoonni haaraan akka dhibee Koronaavaayirasiin hin qabamneef hojjechaa jirtuun, manneen ispoortii, bakkawwan bashannanaafi taphawwan gara garaa akka puulii, jiimii, muuziyeemiifi rizoortiin cufamaniiru. Ajaja akka dirqamaatti namoota bakka tokkotti itti cufuun ittisuu kanaan cidhaafi sirni awwaalchaas akka hin gaggeeffamne dhorkameera. Waaqeffannaan, manneen amantaafi kabajawwan dhimmoota aadaas dhorkamaniiru. Xaaliyaan biyyyoota Awurooppaa keessaa baayyee kan miidhamte yoo ta'u, Sanbata lakkoofsi namoota haaraa dhibee kanaan qabamanii baayyee dabaluun isaa gabaafameera. Tarkaanfiin haaraa akka namoonni magaalota keessatti ittifaman taasisu kun sochii dhaabbilee faayinaasnii irrattis kan hojiirra oolu yoo ta'u, magaalota giddu-gala tuuristootaa ta'an akka Miilaaniifi Veenis hanga Eebla 3'tti cufaatti turu. Lakkoofsi namoota Xaaliyaan keessatti Koronaavaayirasiin du'anii 230 kan darbe yoo ta'u, sa'aatii 24 keessatti namoonni 50 du'uu gabaasni mootummaa ni mul'isa. Lakkoofsi namoota akka qabaman mirkanaa'e ammoo hanga Sanbataatti 5,883 dha. "Fayyaa lammilee keenyaa amansiisaa taasisuu barbaanna. Tarkaanfiin akkanaa kun aarsaa xiqqaa hanga guddaatti baasuu akka nama gaafatu ni beekna," jedhan Ministirri Muummee Guseeppee Kontee. "Haata'u malee, yeroon kun yeroo ofii keenyaaf jecha itti gaafatamummaa fudhachuun nurra jiraatudha." Magaalaa Milaan keessatti namoonni soorata bitachuudhaaf yeroo hiriiranii jiranitti Namoonni naannoo Lombaardii kan Xaaliyaan Kaabaatti argamtu namoonni miliyoona 10 keessa jiraatan gargaarsa hatattamaa argachuurraa kan hafe, seenuufi ba'uu hin danda'an. Magaalaan Miilaan ammoo naannoo kana keessatti magaalaa guddoodha. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas, Xaaliyaan vaayirasicha to'achuu irratti akka xiyyeeffattuuf gorsa laateefii jira. Tarkaanfiin kun muuxannoo Chaayinaan namoota miliyoonaan lakkaa'aman bakka tokkotti itti cufuun sochii dhowwitee tattamsa'ina vaayirasichaa hir'suun itti jajamte irraa kan fudhatamedha. Namni siyaasaa Xaaliyaan keessatti beekamaa ta'e Nikoolaa Zingaaretii, Sanbata darbe Koronaavaayirasiin qabamuun isaa mirkanaa'eera. Biyyattiin dhibee fayyaa kana to'achuuf akka ishee gargaaruufis doktoroota soorama bahanii jiran deebistee qacaruuf akka jirtus ibsiteetti. Koronaavaayirasiin akka addunyaatti namoota 100,000 ol irratti argameera. Iraan keessatti ammoo namoota 6,000 yoo qabu, namoonni 145 biyyattii keessatti du'aniiru. Iraan keessatti namoota Koronaavaayirasiin dua'n keessaa lama miseensota mana mareedha. Anga'oonni fayyaa biyyattii ammoo namoonni dhibee kanaan qabaman lakkoofsi isaanii dabalauu mala jechuun sodaa qabu. Guutummaa addunyaa irratti namoonni 3,500 Koronaavaayirasiin du'uun isaanii galmaa'eera. Namoonni du'an harki caalaan Chaayinaa bakka Mudde keessa dhibeen kun itti jalqabamettidha. Dursaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Tediroos Adhaanoom, tatamsa'inni Koronaavaayirasii kun "baay'ee yaaddessaa" waan ta'eef biyyoonni hundinuu akka hin tatamsaane hojjechuun "dursi kan kennamuufii qabudhya". Hojjetoota fayyaa yeroo barreeffama waa'ee Koronaavaayirasii ibsu rabsanitti Oduu birootiin:
oduu-43091507
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43091507
Manni maree ministirootaa Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa labseera
Manni maree Ministirootaa Itoophiyaa walgahii ariifachiisaa har'a taa'een, heera biyyattii balaarraa oolchuuf labsii yeroo muddamaa labsuusaa ibseera.
Akka ibsa midiyaa mootummaa kan ta'e EBCn darbetti, labsichi nageenyaa fi walqixxummaa lammiilee kabachiisuuf akkasumas lammiileen nagaan akka socha'aniifi bakka fedhan akka jiraatan yaadameeti. Haaluma kanaanis ibsichi dabalee, yeroo dhiyoon asitti gochaawwan heera mootummaa fi sirnicha balaaf saaxilan akkasumas duudhaa waliin jireenyaa kan faalleessan raawwatamaa turuusaanii caqaseera. Akkasumas gochaawwan sochiilee hojii damee dhunfaa kan gufachiisu, olaantummaa seeraa kan dadhabsiisuufi faallaa isaa jeequmsa humnootaan deegaramee fi seeramaleessummaa kan babal'isuu ta'ulleen eereera. Jeequmsaa fi hokkara uumameenis miseensonni naannolee garaa garaa keessatti argaman mootummaan eegumsa akka isaaniif taasisuuf waltajjiiwwan adda addaatti kaasaa turuusaanii kan eeree, ibisi kun, sadarkaa balaa sirnichaa fi heera mootummaa irratti aggaamame kana itti to'atamuun hindanda'amne irra waan gahameef sirna heera mootummaa eegsisuuf labsii yeroo muddamaa baasuun barbaachisaa ta'uun itti amanameera jedheera. Waan kana ta'eefuu, haaluma Heera Mootummaa biyyattii keewwata 93 (1) (A) tiin labsiin yeroo muddamaa kun labsameera. Labsiin kunis har'a ALI Gurraandhala 09/ 2010 guyyaa mana maree Ministirootaatiin itti labsame irraa eegalee hojiirra akka ooluus ibsameera. Bara darbe keessas, biyyattiin labsii yeroo muddaa baatiiwwan jahaaf labsuun boodarra ammoo, baatii sadiif erga dheereesitteen booda, kaafamuunsaa ni yaadatama. Kana malees, Ministirri muummichaa biyyattii obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyis haala yaachisaa biyyattiin keessatti argamtuuf furmaata barbaachuu keessatti kan gahee kootii gummaachuuf haala jedhuun gaaffii aangoo ministirummaa fi dhaaba isaanii keessatti qaban gadhiisuu kan galfatan guyyaadhuma tokkoon dura ture.
oduu-54753982
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54753982
Filannoo US 2020: Ameerikaatti sababii bu'aa filannootiin walitti bu'insii ka'uu danda'aa laata?
Filannoon pireezidantummaa Ameerikaa boru [Sadaasa 03, 2020] raawwata. Torbee kana jiraattonni sa'aatii dheeraaf TV, takkaahuu midiyaalee hawaasaa isaanii mil'achaa oduu filannoo hordofu.
Pireezidant Tiraampis ta'e ykn morkataan isaanii pireezidantiin itti aanaa duraanii Joo Baayidan yoo mo'aman, akka walitti bu'insii uummataa hin uumamneef baay'ee sodaatamaa jira. Waldhabdeen filannicharratti uumamnaan sagaleen irra deebiin lakkaa'uu eegalama. Akkasumas himannaan mormii sagalee irratti ni banama, hokkorri uummataa biyyattii guutuu babal'achuu mala. Itti aansees battalumatti Manni Murtii Olaanaa biyyattii akka murtee dabarsuuf ol iyyannoon ni galfama. Haa ta'u malee yoo Ameerikaanonni bu'aan hanga baramuutti kan obsan ta'e taateen akkasii kun hafuu danda'a. Pireezidant Tiraamp halkanuma filannootti bu'aan akka ifa ta'uun taasisa jechaa kan jiran yoo ta'u, Joo Baayidanii fi Diimokiraatonni ammoo kana mormuun garee ogeessota seeraa fi abbootii alangaa dhibbaan lakkaa'aman walitti qabuun mana murtiitti himannaa banuuf qophii taasiisuu beeksiisaniiru. Bu'aa filannoo himuun hagam tura? Halkan tokkotti bu'aa filannoo himuu fi dhiisuun hoo dhiibbaa akkamii qaba? Fialattoota karaa poostaa Bara 2016tti namoonni miliyoona 33tu karaa poostaatiin filannoo irratti hirmaate. Bara kanas sababii Covid-19tiin namoota miliyoona 82tu karaa poostaatiin filachuuf gaafate. Haa ta'u malee filannoo guyyaan tokko qofti hafeen kanaan, isteetiiwwan ykn kutaalee biyyaa hedduunis seera bara dheeraa kan sagaleen poostaan ergame yoom banamuu, ilaalamuu fi lakkaa'amu akka qabaatu ajaju geeddaruuf ammalleen rakkataa jiru. Fakkeenyaaf bakka dorgommii cimaan itti taasifamu Michigaan keessatti namoonni miliyoona sadi ta'an akka filatan eegama. Haa ta'u malee hanga guyyaa filannichaa ganama sa'aatii 1tti(7am) sagalee lakkaa'u waan hin dandeenyeefu bu'aa achi jiru ibsuuf Michigaan guyyaa tokko itti fudhata. Isayyuu irra deebiin lakkaa'uun yoo hin jiraanneedha guyyaa tokkichi sunuu kan gahu. Pireezidant Donaald Tiraamp karaa poostaatiin filachuun bu'aa filannoo irratti rakkoo uuma jechuun akka hafu gaafataa turan. Tajaajila Poostaa US irraa fandii yeroo ariifachiisaas dhaabaniiru. Filannoo duraanii irraa akka hubatamuutti irra caalaa warra Dimokiraatotaatuu karaa poostaatiin filata. Riippablikaanoonni harki caalan guyyaadhuma filanichaa qaamaan argamanii filatu. Rakkoon lammataa himannaadha Wayita bu'aan ibsamuutti dhiyaatu isteetiiwwan rakkoon seeraan wal-qabatu isaan mudachuu danda'a. Kunis sagalee osoo hin lakkaa'amiin dhiifamu ilaalchisee shakkii namootatti umamuun wal qabata. Kun mataansaa ammoo bu'aan akka dafee hin himamne caalaatti akka turuu taasisa. Sababii baramaan sagaleen akka dhiifamu taasifamuu, yoo karaa poostaatiin baay'ee turee lakkaa'amu hin qaqabneedha. Sababiiwwan biraa ammoo mallattoo seera qabeessa hin taane ykn yoo poostaan icciitii lammaaffaan badeedha. Filannoo kana duraatiin wal-bira yoo qabamu, baay'ina filattootaa olaanaa bara kana karaa poostaatiin taasifameen, baay'inni sagalee turee qaqqabuu akkasuma akka baay'atu eegama. Filannoo bara 2016tti pireezidaant Tiraamp Michigaaniitti sagalee kuma 11 gadiitiin mo'ate. Halkan filannoo isteetiiwwan dorgommii cimaan keessatti taasifamu hedduu keessatti baay'inni sagaleewwan dhiifamanii mataan isaanii dhimmaa waldhabdee olaanaa ta'u danda'u. Halkanuma sanatti haalli bu'aan itti baramu ni jiraataa? Eeyyeen. Harkifannaa poostaatiin alatti, haala kenniinsa sagalee amma jiruutiin, halkanuma sanatti kan mo'ate baruun ni danda'ama. Garuu halkan sanatti baramuuf bu'aa filannoo morkattoota lamaanii jidduu garaa garummaa olaanaan galmaa'u qabaata. Tikeettii warqee kan ittiin Waayit Haawus galamu mo'achuuf, Joo Baayidan ykn Tiraamp 'electoral college' 580 keessaa 270 ol argachuu qabaatu. 'Elektoraal Kolleejjiin' sirna yeroo dheeraaf namni filannoo pireezidantummaa mo'ate ittiin beekamudha. Isteetiiwwan baay'ina uummataa irratti hundaa'uun lakkoofsi 'electoral college' wal caalu kan murtaa'ee kennameef qabu. Isteetiiwwan lamarraa kan hafe isteetiiwwan biyyattii hunda keessatti kaadhimamaan sagalee uummataa caalmaa argate 'electoral college' isteetiin sun qabu mara dhuunfata. Kanaaf jecha kaadhimamaan tokko sagalee uummataa caalmaa argatus lakkoofsa 'electoral college'n caalamee mo'amuu danda'a. Filannoo guyyaa tokkichi hafe kanaan lammiileen Ameerikaa miliyoona 69.5 ta'an sagalee isaanii karaa poostaa kennaniiru. Kunis sagalee filannoo bara 2016 poostaan kennamee ture wallaakkaan ol kennamu agarsiisa. Bara 20166tti Tiraamp erga isteetiin Wiiskonsiin sarara dhumaa 270 oliin isa ceesiiseen booda injifannoo sa'aatii 02:30 EST (07:30 GMT) labse. Haata'u malee barana sagaleen karaa poostaatiin ergamu dabaluun wal-qabate, halkan sana bu'aa beeksiisuun waan ta'u hin fakkaatu. Isteetiiwwan murteessoonni akka Michiigaan, Penisiilvaaniyaa fi Wiiskonsiin guyyaadhuma filannichaatti sagalee lakkaa'u eegalu. Hundi isaanii irra deebiin lakkaa'uu fi himannaa seeraatiif saaxilamu danda'u. Haa ta'u malee Filooriidaa abdiin jira. Isteetiiwwan gurguuddoo dorgoommii cimaan keessatti gaggeeffamu bakka injifannoon kaadhimamtootaa keessatti murtaa'udha. Filoridaan filannoon dura guyyaa 40tti sagale karaa poostaan dhufe ilaaluun lakkaa'uu eegalte. Sagaleen miliyoona 2.4 ol ta'u kan guutamee ergame yoo ta'u, kan kanaan booda eegatan poostaawwan muraasa qofaadha. Kanaafu isteetiiwwan kaan irra carraan sagalee ifa taasisuu qaban baay'ee olaanaadha. Ameerikaan bara 2020tti sababii weerara koronaavaayirasiitiin garmalee kan laamshoofte yoo ta'u, akkasumas dhimma ajjeechaa gurraachotaan wal qabatee ammoo adda qoodamuun tureera, amma garuu lammileen pireezidantii isaanii itti aanuu eeggataa jiru. .
53068009
https://www.bbc.com/afaanoromoo/53068009
'Dhoksaatti Tigraay waliin mariin gaggeeffamu fudhatama hin qabu' - Dabratsiyoon G/mikaa'el
Rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru jaarsummaadhaan furuu kan kaayyeffate jilli abbootii amantii fi jaarsolii biyyaa of keessaa qabu imalasaa jalqabaan Maqalee dhaqee warra achi jiran dubbiseera.
Jilli miseensota 40 caalan of keessaa qabu kun imalasaa jalqabaa naannoo Tigaayiin haa eegalu malee, kutaalee biyyattii bakka garaagaraa deemuun rakkoo biyyattiif kanneen ka'umsas furmaatas ta'uu danda'an hunda dubbisuuf kaayyeffatanii akka jiran ibsaniiru. Jilli kun gara Maqaleetti imalee maal akka dubbate hirmaattota hojii jaarsummaa kanaa gaafanneerra: naannochi mariif qophii ta'uusaa hubanneerra jedhan. Jila garas imalan keessaa tokko kan ta'an Paastar Daani'eel Gabrasillaasee,''dhibdee ilaalchota siyaasaatiin uumame karaa nagaan furuun akka barbaachisuufi gara walitti bu'iinsaatti deemuu akka hin qabne, kun murteessaa ta'uu dubbanneerra" jedhu. "Hunduu mariidhaan furamuu akka qabu, qaamoleen siyaasaa biyya karaa nagaan bulchuuf tarsiimoo isaan dandeessise diriirsuu qabu. Kanneenirratti dubanneerra. Isaanis mari'achuuf akka fedha qaban nutti himaniiru'' jedhan. Paastar Daani'eel dhimmoonni bal'inaan irratti mari'ataman jiraatanis hedduunsaanii dhimma jaarsummaan qabaman waan ta'aniif erga qaamni hunduu irratti dubbatee miidiyaaf ibsina jedhan. Akka Paastar Daani'eel jedhanitti jilli abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa of keessaa qabu kun itti aansee qaamolee dhimmi ilaallatu federaalaa fi naannoo keessaa walitti fiduun dubbisuuf jira. ''Akkuma lammiilee Itoophiyaa biroof nageenya hawwinu, uummata Tigraayiifis nageenya qabannee dhufneerra. Uummanni waggoota kuma hedduuf waliin jiraataa ture har'a garaagarummaa yaadaa qabuuf adda bahuu akka hin qabne, adda addummaa jiru qabatanii akka waliin jiraatan dubbanneerra." "Dhimmi ijoon ammoo sababa siyaasaaf jecha gara waraanaatti seenuun akka hin barbaachifneedha. Dhibdeen siyaasaa marii siyaasaan akka furamu barbaanna.'' jedhan Paastar Daani'eel. Jiluma kana keessa kan turan Yuuniversitii Finfinneetti Hakiima kan ta'anii fi Jaarsolii biyyaa kan dursan Pirofeesar Masfin Ar'ayaa kaayyoo ijoon mariisaanii sababa ilaalcha siyaasaan tokkummaa biyyaa diigamuu hin qabu kan jedhuudha jedhan. ''Uummanni tokkummaa, nageenya barbaada. Kanaafuu rakkoo qaamoleen siyaasaa uumaniin nageenyi uummataa akka hin boorofneef marii kana eegalle. Sababa siyaasaan uummati jeeqamuu hin qabu.'' Gara naannoo Tigraay imaluu akka raajii addaatti ilaaluu hin qabnu kan jedhan Pirofeesar Masfiin,''asii deebinees mootummaa federaalaa dubbisuuf jirra, federaala qofa osoo hin taane, gara naannolee biroos ni imalla'' jedhan. Qondaaltonni naannoo Tigraay maal jedhan? Dhibdeen gama siyaasaan paartii naannoo Tigraay fi mootummaa giddu galeessaa gidduutti uumame gabbatee qaamoleen lameen akka biyya adda addaatti wal ilaaluurra ga'aniiru. Jaarsummaan ammaa kun kan ni fooyyessaa? jila garasaanii imale waliin maal dubbatan? maaltu fala jennee Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Tigraay Dr Abrahaam Takastee gaafanne. Dhimmi nageenya biyyaa kan isaan yaachisu ta'uu kan dubbatan Dr Abrahaam garuu naannoo Tigraay fi mootummaa federaalaa qofa osoo hin taane, uummati biyyattii hundi mari'ateetu nageenya waaraa buusuu danda'a jedhan. ''Biyyattii rakkoo guddaatu harkaa qaba. Diigamuurra geesseetti. Kan tokko nu godhu heerri mootummaa ammoo dhiyeenya kana dabeera. Kanaaf marii lammiilee biyyattii hundaa gaafata'' Gama biraan miidiyaa biyyattiif ibsa kan kennan Pirezidaantiin naannochaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el jila garasaanii imale waliin marii gaggeessuu dubbatanii garuu mariin yoo barbaachise saboonnii fi sabalammoonni hundi kan irratti hirmaatan waltajjiin biyyaalessaa uumamuu qabaata jedhan. ''Kanarraa kan hafe Tigraay yookiin ammoo TPLF addatti qoodanii dhoksaan mariin gaggeeffamu fudhatama hin qabu. Bu'aas hin buusu'' jedhan. ''Mariin jaarsummaa kun barfatee eegalamus garuu qaamni marii araaraaf deemu kamuu rakkoon mudate Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti qofa osoo hin taane, mootummaa biyya bulchaa jiruu fi uumattoota Itoophiyaa gidduutti ta'uu hubatee hojjechuu qaba'' jedhan Dr Dabratsiyoon. Jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa biyyi gara waraanaatti akka hin deemneef dhimmamanii hojjechuunsaanii kan galateeffatan Dr Dabratsiyoon,''rakkoo jedhameef kan sodaatamuu qabu isa humnaan heera mootummaa diigee aangoorra turuuf filannoo hambiseedha malee naannoo akkaataa heera mootummaatiin filannoo gaggeessuuf murteesse ta'uu hin qabu'' jedhan. Mariin akkanaa dhimma biyyaati waan ta'eef miidiyaaf banaa ta'ee gaggeeffamuu qaba kan jedhan Dr Dabratsiyoon kana booda dhimmi biyyaa uummata jalaa dhokfamee waanti mari'atamuuf hin jiru jedhan. Jilli Abbootii Amantii fi jaarsolii biyyaa yaada aanga'oota naannoo Tigraay irraa dhagahan qabatanii gara mootummaa federaalaa akka deeman ibsaniiru. Gama biraaiin Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Oromiyaa fi miseensa koree hoji-raawwachiistuu paartii Badhaadhinaa kan ta'an Obbo Addisuu Araggaa dhimma jaarsoliin gara Tigraay imaluu ilaalchisuun yaada feesbuukii isaaniirratti barrreessaniin imala jilaa kanaa paartii badhaadhinaatti maxxansuun sirrii miti jedhan. Hojiin jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa kun jajjabeeffamuu qaba kan jedhan Obbo Addisuun, ''Dhimma nageenyaa fi araaraa irratti qaamolee kophaa fi fedhiisaaniitiin socha'an qofa osoo hin taanee dhaabbata walabaa nageenyaa fi araara hundaa'een qofa akka socho'u gochuun dirqama. Isaan keessaa Komishiniin Araaraa fi Nageenyaa tokko'' jedhan. Araara kanaan tokko kan dhiifama gaafatu, kaan kan dhiifama godhu, tokko kan jaarsummaa erguu fi kaan kan jaarsummaan nama keessummeessu godhamee fudhatamuu hin qabu kan jedhan Obbo Addisuun, ''walii galtee biyyaalessaa fi araara biyyaa fiduun siyaasaa biyya keenyaa ammayyeessuuf Badhaadhinni jabaa hojjachuu itti fufa. Hojiin dhaabbileen amantaa fedhiisaatiin rakkoo jiru furuuf hojjachaa jiran kun galatoonfamutu irra jiraata.'' jedhan. Rakkoo keessa jirru keessaa bahuuf mariiwwan taasifamanis ta'ee dhaabbilee hojii kana keessatti hirmaatan garaa laafummaa, heera, seeraa fi danbiiwwan irratti kan xiyyeeffatan ta'uu qabus jedhan Obbo Addisuun.
oduu-55541752
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55541752
'Akaakuun Covid haaraan talaallii dandamachuu mala' -yaaddoo saayintistoota Afriikaa Kibbaa
Biyyoota Afriikaa keessaa weerara koronaavaayirasiin daran kan dararamaa jirtu Afriikaan Kibbaa, akaakuu vaayirasichaa haaraa qabaachuudhaanis akkasuma yaaddoo keessa jirti.
Akaakuun Covid haaraan talaallii vaayirasichaa dadhabsiisa sodaan jedhu Afriikaa kibbaa keessatti cimeera Saayintistoonni biyyattii inumaa akaakuun vaayirasii haaraan kun talaallii yeroo ammaa hojiirra oolaa jiru kan dandamatuu fi dandeettii ittisa talaallichaa kan dadhabsiisuudha jechuun yaaddoo qaban ibsu. Yaaddoonsaaniis lafaa ka'ee akka hin taanee fi sababa ga'aa akka qaban ibsan. Talaalliin koronaavaayirasii UK fi biyyoota addunyaa kanneen biroo keesatti kennamuu akkuma eegalee jiru dhimmoota akkanaaf xiyyeeffannaa kennuun akkaan barbaachisa jedhu saayintistoonni kunneen. Wantoonni xiyyeeffannoo barbaadan akkanaa ilaalcha keessa hin galfaman taanaan talaallichi bu'a qabeessa ta'ee itti fufuunsaa yaaddodha jedhan. Yaada saayintistootaa maal? ''Kun yaaddoo yaada qorannoo(tiyoorii) ti. Yaaddoo sababa qabuudha. Akaakuun vaayirasichaa Afriikaa Kibbaa jiru talaallicha daran akka dandamatuudha.'' jedhan, hojii talaallii Oksifoordi-AstraZeneca kan Afriikaa Kibbaa kan dursan Pirofeesar Shabir Madhi. Pirofeesar Madhi hojii fi adeemsa mootummaa fi saayinstistoota UK irratti yaada kennaa turan. Saayintistoota biratti yaaddoo guddaa kan uume sababi ijoon akaakuun vaayirasichaa akkaataa UK keessatti faca'aa jiru Afriikaa Kibbaa keessatti tatamsa'aa jiraachuusaati. Akaakuun vaayirasii kun bifa haaraan ka'ee weerarri biraa yoo eegale ammoo dandeettii vaayirasicha ofirraa ittisuu dhalli namaa horatee ture laaffisuun keessa seenuu danda'a jedhu Pirofeesar Madhi. Talaalliin qaamni namaa akka madinummaa horatu barsiisa-kunimmoo dandeettii qaami keenya vaayirasicha ofirraa loluuf qabu dabalata. Pirofeesar Madhi akka jedhanitti akaakuun koronaavaayirasii haaraan Afriikaa Kibbaa keessa faca'ee jiru talaallii vaayirasichaa guutummaatti hojii dhabsiisa osoo hin taane ni dadhabsiisa. Bu'aa talaalliin kun fiduu danda'urratti dhiibbaa uuma jedhan. Afrrikaa Kibbaa Yuuniversitii Wits keessatti Ogeessa talaallii kan ta'an Pirofeesar Helen Rees, ''akka carraa ta'ee akaakuun vaayirasii haaraa kun yoo talaallii fooyya'aa isaaf ta'u kan barbaadu ta'e, talaalliiwwan karaarra jiran bifa kanaan fooyya'anii ba'uu danda'u'' jedhan. Afriikaan Kibbaa, akaakuun vaayirasii haaraan biyyashee keessatti mul'ate kan UK caalaa saffisaan tatamsa'a jechuun yaada mootummaa UK irraa dhiyaate kuffisteetti.
oduu-47222321
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47222321
Kantiibaan Faransaay dunni saree baay'een dhorkamuu qaba jedhan
Kantiibaan magaalaa Kaaba Faransaay faalama sagalee sarootaa hir'isuuf dunni saree dhaabbachuu qaba jedhe.
Magaalaa Feuquières jedhamtu keessatti namoonni saree qaban yoo duttee ollaa jeeqxe €68 adabamu. Wiixata irraa eegaluun jiraattotni magaalaa Feuquières yoo sareen isaanii irra deddeebiin dute ykn yeroo dheeraaf walitti fufuun dute Yuuroo 68 adabamu jedhame. Kantiibaan magaalichaa Jiin Estiinee tarkaanfichi ''dunna saree guyyaa fi halkanii hordofeeti''jedhanii iyyi sarootaa maagaalicha akka malee jeeqqera jedhan. Labsiin kun falmitoota mirga bineensotaan qeeqameera. Kaayyoon keenya saroota dhabamsiisuu miti jedhanii dabalataan sagalee xiqqoodhaafis isaan hin adabnu jechuun gaazexaa biyya Faransaay Le Parisien jedhamutti himan. ''Magaalli keenya saroota irraa mormii hin qabu garuu guddifachuu barbaannan barsiifachuudha'' jedhan. Ollaan yoo himates akkasuma adabbiin akka isaan eeggatu ibsaniiru. Kanaaf saroota bakka tokkotti galchanii itti cufanii yoo deemanii fi iyyi isaanii dhagahame adabamuu isaaniiti. magaalli Feuquières' jiraattota 1400 qabdi. Saroonni dutuunidha kan fedhii isaanii ibsachuu danda'an Labsiin kun iyyata jiraattotni magaalichaa nama tokko irratti kaasan hordofeeti kan qophaa'e. Dubartiin tokko magaalichaa saroota baay'ee qabdi. Saroota gurguddaa fi xixiqqaa kaanis qabdi. Haa tahu malee iyyi sarootaa naannichaa dhagahamu akka dhaabbatuuf marii waliin gaggeessanis dhaabbachuu hin dandeenye. Pirezidaantiin Waldaa Falmitoota Mirga Bineensotaa Istiifen Laamaarti '' kun iyya qofaadha'' jechuun tarkaanficha qeeqe. ''Saroonni hanga afaan qabanitti dutuun iusaanii hin hafu.'' Laamarati gaazexaa Monde jedhamutti akka dubbatetti haala kanaan bilbila mana amantaa keessaa dilbata ganama dhagahamus dhaabsisuu qabu jedhe. Tarkaanfiin qondaaltotni Faransaay dunna saree dhaabsisuuf fudhatan kun kan jalqabaa miti. Dunni saree tooftaa waliigaltee isaanii tokko haa tahu iyyuu malee komiin jiru iyyi saroota tokko tokkoo yeroo dheeraaf kan turuufi sagalee warshaa tokko tokkoon ol yeroo tahus jira jedhama. Saroonni kan dutan sababa garaagaraaf yoo tahu komii ykn fedhii qaban ibsachuuf, waan miidhaa fiduu danda'a jedhanii shakkan yoo ilaalanii fi miira aarii qabaatanidha. Kanaaf furmaata barbaaduun akka saroonni hin iyyines tahe hin dunni gochuun danda'ama jedhan.
oduu-41731870
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41731870
Filannoo irra deebii Keenyaan wal qabatee nagaan bora'aa jira - Jilli biyyoota Lixaa akeekkachiise
Dippiloomaatonni biyyoota lixaa filannoon irra deebii Keenyaa kamisa dhufu adeemsifamuun wal qabatee biyyattii keessatti nageenyi bora'aa jira jechuun akeekkachiisan.
Mormitoonni ulaagaan filannoo bilisaa fi haqa qabeessaa hin guutamne jedhu Dubbiiwwan gara jeequmsaatti nama kakaasan fi haleellaan qondaaltota irratti gageeffamaa jiru, filannoo amanamaa gaggeessuun ulfaataa akka ta'u taasisaa jira jedhu, dippiloomaatonni 20. Abbootiin alangaa Keenyaa obboleettiin hogganaa mormitootaa Raayilaa Odiingaa okkora uumuun akka himatamtu beeksisanii jiru. Odiingaan filannoo Kamisaa hiriira mormii guddaan akka adda kutu dhaadataa jira. Hogganaan IEBC ari'amuu dabalatee, osoo jijjiiramni hin adeemsifamiin, filannoon hin gaggeeffamu jedhu Odingaan. Ega filannoo Hagayya 8 booda, Uhuuruu Keenyaataan injifataniiru jedhamee labsamee as jeequmsa tureen namootni 70 ajjeefamaniiru. Manni murtii olaanaa biyyattii bu'aa filannoo sanaa, kan rakkooleen irratti mul'atan, mirkaneessuufis kan ulfaataa ta'e jechuun haqe. Ergasii wanti jijjiirame hin jiru jedhu Odiingaan. Jilli biyyoota alaa kun 'haala siyaasaa rakkisaa ta'aa dhufe' kan biyya diinagdee guddaa baha Afriikaa kanaa yaaddofneerra jedhu. "Diiguun ijaaruu caalaa salphaa dha. Garuu balaa guddaa waan qabuuf, dhaabbachuu qaba," jedhan ambaasaaddarri Ameerikaa Boob Goodeek, jila dippiloomaatota biyyoota lixaa akka Firaans, UK fi Jarmanii bakka bu'uun ibsa kennaniin. Ruut Odiingaa qabeenya barbadeessuun himatamte Torbee darbe qondaalli olaantuu komiishinii filannoo biyyatti gara Ameerikaatti baqattee turte. Roosiliin Akoombee akka jettutti komiishinichi 'dhiibbaa' siyaasaa jala waan galeef filannoo amanamaa gaggeessuu hin danda'u. Waraqaan filannoo hundi raabsamee xumuramee jira, teeknoolojiin ittiin sagaleen lakkaa'amus qophiidha, garuu ammayyuu filannichi ni adeemsifama moo hin adeemsifamu, yoo adeemsifames haqa qabeessummaa isaarratti shakkiin jira. Moormitoonni filannicha irratti akka qooda hin fudhanne mirkaneessanii jiru. Paartiin biyya bulchaa jiru Jubiliin garuu filannichi akka adeemsifamuu fi uummannis bahee akka sagalee kennu waamicha taasisaa jira. Akka heerri mootummaa jedhutti filannoon kun Onkoloolessa 1 dura adeemsifamuu qaba ture. Abbaan taayitaa abbootii alangaa Keenyaa obboleetiin Raayilaa Odiingaa, Ruut Odiingaa, wayita qondaaltonni komishinii filannoo biyyatti magaalaa deeggartoonni mormitootaa keessaatti baay'atan Kisuumuu keessaatti leenjiirra turan, giddugala filannoo hayyama malee seenuun qabeenya barbadeessiteetti jechuu himatee jira. Uhuuruu Keanyataa, mormitoonni filannoon hin jiru jedhaniyyuu duula gaggeessaa jira. Komiishiniin filannoo biyyatti maqaan Raayilaa Odiingaa, dorgomtoota 6 filannoo Hagayya darbee irratti sagalee ida'ama dhibbeentaa 1 argatan waliin waraqaa filannoo irra akka turu beeksiseera. Akka Komiishinichi jedhutti, Keenyaataan filanno Hagayya darbee irratti sagalee miliyoona 1.4 yookan %54 yoo argatan Odiingaan ammoo %45 argatanii turan.
oduu-47609476
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47609476
Daataa Mobaayilaa: Hindiin addunyaarratti gatii rakasaa maaliif qabaachuu dandeesse?
Hir'isuun gatii daataa biyya Hindii isa baayyee gadii aanaadha jedhameera. Akka gabaasa BBC haaraatiin, kunis biyyattii addunyaarratti gatii daataa isa gadaanaa akka qabaattu taasiseera.
Barreessaan teeknolojii Praasaanto K Roy akkas jechuun ibsee ture. Kubaaniyoota UK keessaa caqasuunis, daataan mobaayilii GB 1 $0.26, Hindii keessatti ammoo $0.20 yoo ta'u, Ameerikaatti ammoo $12.3, UK'tti $6.66 fi juddu galli garii addunyaa $8.53 dha. Garuu fayyadamtoonni Hindii baayyenis GB tokkootti $0.10 gadii aka kanfalan himu. Maamiltoonni UK fi Ameerikaas keessaa ammoo kan qorannoon jedhuun gadi kanfalaa akka jiran himu. Gatiin dhugaa kamiyyuu ta'ulleen garuu, wanti ifaan jiru garuu, gatiin daataa mobaayilaa biyya Hindii kan biyya kamu caalaa rakasa ta'usaati. Kunis tajaajila dhiyeessitoonni maamiltoota baayyee argachuuf kan taasisan ta'u himama. Soraav Seen Landaniitti gorsaa invastimantii akka jedhaniitti, tajaajila mobaaliya isaatiif ji'atti gatii buna sinii sadii hanga afurii ykn $13 kanfala. Kunis tajaajila sagalee fi barreessama hindaangeeffamnee, karaa roaming tiin ammoo tajaajila sagalee fi daataa mobaayilaa GB 3 karaa EU ni argamsiisa. Kanaafuu kana caalaa hinbarbaadu. Kanaan alattis WiFi bilisaa eessayyuu ni jira. Biyya Hindii magaalaa Gurgaaon keessatti konkolaachisaa Raamnz Maandaal bilbila bilisaa hindaangoofneef ji'atti $3 kanfala. Isaanis daataa 4G dhaaf 42GB, guyyaatti GB 1.5 argata. Kanaanis WhatsApp dhaan bilbiluufi viidiyoo dowwachuuf akka fayydamu hima. Kunis egaa GB tokkootti saantiima 6 gadii kanfaluu jechuudha. Kunis gatii Mr Seen Landaniitti daataa 4G isaatiif kanfalu irra harka 70n rakasa. Dhiyeessaan tajaajila Mr Mandaal, Reliance Jio dagaggeessa kan ta'e, gatii rakasaan gabaa Hindii sochoosaa jira. Kunis daataa mobaayilaa saffiisaa fi bilbila bilisaa dhiyeessuun. Jio Fulbaana bara 2016 irraa kaasee keennaa bilbila bilisaa yaalii dhiheessuun ture kan baatii jaha keessatti maamiltoota miliyoona 100 argach danda'e. Waggoota lama keessatti ammoo, Jio biyya Hindii keessatti dhaabbata tajaajila tele dhiheessu isa guddaa sadaffaa ta'u danda'e. Hanga Mudde 2018ttis maamiltoota miliyoon 280 argateera. Innis bilbila Jiophone kan abbaa 4G (garuu kan smartphone) hintaane akka kennaatti kenna. Bilbilichis appiiwwan Hindii beekamoo lama; WhatsApp fi Facebook kan hojjatu yoo ta'u, WiFi ni hojjata. Hindiin xumura bara 2018tti fayyadamtoota birodbaandii mobaayilii miiliyoona 500 ol geessee jirti, akka to'ataan telekomiin Hindii TRAL jedhetti. Garuu kanneen miliyoona 18 ta'an ammoo birodbaandiii sararaatti fayyadamu. Namoota biliyoona 1.17 biyyattii keessatti argaman keessaa, %55 kanneen magaalaa jiraataniidha. Guddiinni fayyadama broodbaandii mobaayilii irra caalaanis Jio irraa kan dhufeedha. Dhiyeessaan tajaajila telekomii duraaniis egaan Jio waliin dorgomuun dirqama itti ta'eera. Kunis gatii daataa 4G hirisuun. Konkolaataan Dehilii jiraatu kan biraa Kaalipaadaa Saasmaal gama isaatiin gara Jio dhaquu akka barbaadu hime, garuu kan inni dura tajaajila irraa argatu Airtel ji'aan daataa 40GB $6 gadiin dhiyeessuuf karoora qabaachu dhagahu hima. Daataan kunis baatii jahaaf kan turuu fi tajaajila vidiiyoo Amazon bilisaa waggaaf kan hammatu waan ta'eef Airtel waliin turuuf murteessu dubbata. Jio garuu biyya Hindiitti gatii daataa garmalee gadi buse. Gaaffii guddaan dhuguma gabaan haala kanaan itti fufaa? kan jedhuudha. Xinxaltoonni damee kanaas, Jio maamiltoota argachuuf tajaajila kennu deegaraa jira. Kanaanis dorgomtoota xiqqeessaa jira. Wayita Jio kana ifa taasisuutti dorgomtoota 10 isa waliin ture. Amma garuu afru qofatu hafe. 'Gatiin daataa ni dabala ta'a' Tiraafkiin gadaanaan dorgommii cimaadhaan kan ka'ee, 'dhiyeessitii fayyadamtootaan olii' hedduu ta'een, fayyadamtoonni gatii tajaajila argataniifi kan kanfalu barbaadaniin gadii kanfalaniidha jedha Oggannaa Waldaa Tajaajila Selulaar Hindiyaa, Raajaan Maatiiwos. "Dhugaatti dhiyeessitoonni tajaajilaa gabicha keessatti invastimantii haguugguu, qulqulina netiworkiifi teknolojii haaraa itti fufuu kan barbaadan yoo ta'e, gatii gadaanaan itti hinfufu, jedha Mr Maatiiwos. "Indusitirii kanaaf kaappitaala dijitii qeenxee gadaanaa irraa argama. Kanaafu dhiyeessitoonni gatiisaanii irra deebiin ilaalu qabaatu, haala kana sirreessuuf.'' Gatiinis ni ka'a. Mukesh Ambani, dura taa'aan Industiriiwwan Reliance garuu Jio guddachuuf ammalleen dandeettii isaa waldhakkaatti fayyadamuun carraawwan heddu qaba jedhu. ''Invastimantii dabalataa malee maamiltoota keenya baayyifachu dandeenya,'' jedhaniiru tibba walgahii kubaaniyichaa kan waggaa baatii Adoooleessaa gaggeeffamee ture irratti haasaa taasisaniin. Kunis wayita Jio maamiltoota miliyoon 215 qabaachaa tureedha. Garuu gatiin daataa ni dabala, sababii 'haalli dorgommiin telekomii Hindiyaa' kun kan itti fufu hintaaneef, jechuun rogeessi morgoota dijitaal Nikhil Pahwa kan dubbatan. Wayita ammaa kanattis bu'aan kubaaniyoonni telekomii argachaa jiran xiqqaachuun dhiibbaa Jio irra gahuun gara zeerootti dhiyaacha jira. ''Osoo Jio kana hinlabsiin, dhiyeessitoonni tajaajilaa kan biraa gatii dabalaa turan,'' jedha Mr Pahwa. ''Gatii hirisuun kun ammoo akka waan umamu taasiseera. Kanaafu amma gara dhiyeessitoota tajaajilaa afuriitti gadi buneera. Gatiin ol ka'uufis yeroo qofa fudhata. Bakka isaa duriittis ni deebii'a.'' Maddeen Jio tti dhiheenya qabuu fi akka maqaan hineeramne gaafate tokkoos, gatii ammaa kan itti fufu miti garuu daldalaan gaariidha jedheera. Kanaafuu konkolaachiftoonni, warreen nyaata bilcheessn, baqattoonni, barattoonni fi kanneen biroos fayyadamni daataa mobaayilaa biyya Hindii waggaa lama keessatti harka 10n dabalu isaa ni himu. Kunis ji'aan GB10 ol akkuma tilmaamaan kan biyya Ameerikaa keessa jechuudha. Dhiyeessitoota tajaajilichaa gara biraa irraa WiFi bilisaa argachuuf carraa gadaanaa waan qabaniif, konneekshinii Jio kan dursa kanfalamu akka mummeetti itti fayyadamu. Yeroo baayyees akka SIM kaardii lamataatti bilbila isaanii keessatti qabaachuun, bilbila sagalee bilisaa fi ammaaf ammoo daataa mobaayilaa kan addunyaarratti rakasa ta'eetti gargaaramaa jiru baayyeen. Haalli akkanaa kun biyyoota guddinarratti argamaniifi dhiyeessitoota tajaajila telekomunikeeshinii tokko qofa irratti hundaa'an bira yoom gaha laata?
oduu-53553890
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53553890
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Obbo Dajanee Xaafaa Covid-19n qabamuu waajirri abbaa alangaa mirkaneesse
Qondaalli olaanaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Dajanee Xaafaa koronaavaayirasiin qabamuusaanii waajirri abbaa alangaa BBCf mirkaneesse.
Qondaaltota ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda to'ataman keessaa tokko kan ta'an Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu paartichaa Obbo Dajanee Xaafaa, torban dabre keessa ture koronaavaayirasiin irratti argameera shakkii jedhuun hospitaala Eekkaa Kotabee kan seenan. Aanga'aan waajjira Abbaa Alangaa Obboo Fiqaaduu Tsaggaa, qondaalli paartii KFO koronaavaayirasiin qabamuu BBCf mirkaneessaniiru. ''Dhugaadha. Yeroo Oromiyaa irraa isaan simanne qoratamanii vaayirasichi irratti argameera,'' jedhan. Haa ta'u malee, namoonni biroo qabamuu isaanii odeeffannoo akka hin qabne himan. Abukaatoo isaanii keessaa kan tahan Obbo Dajanee Fiqaaduu guyyootaan dura BBC'tti akka himanitti, erga obbo Dajaneen hospitaala seenanii as maatiin arguufi dubbisuu waan dhorkameef, inni kun akka hayyamamuuf guyyaa Jimaataa mana murtiitti iyyatanii turan. ''Manni murtichaa gaaffii dhiyeessineef ajaja nuu kennuyyuu, hospitaalichi ajaja keenya hin fudhannu,'' jedhan. Oolmaa dhaddachaa ilaalchisuunis obbo Dajaneen beellamaan mana murtii akka dhiyaatan Wiixata tahus ''poolisiin dhiyaatee [Obbo Dajaneen] koroonaan qabamanii hospitaala akka jiran dubbateera,'' jechuun dubbatan. Ogeessi seeraa kun dabaluunis, odeeffannoo hospitaalicharraa argataniin Obbo Dajaneen Covid-19'f qoratamanii pozatiiva (vaayirasicha akka qaban) akka tahaniifi mallattoon cimaanis tahe giddugaleessa irratti mul'achaa akka hinjirre odeeffadheera jedhu. ''Obbo Dajaneen nama ispoortii hojjetaniifi qaamni isaanii fayyaa waan taheef, mallattoo agarsiisaa hinjiran. Rakkoon dhukkubichaa kamuu irra hinjiru nuun jedhan,'' jedhu abukaatoon kun. Poolisiin obbo Dajanee achi keessatti eeguus fayyaadha waan jedhu nu kaasaniiru jechuun himan. Gaaffii guyyaa Jimaataa maatiin walarguu dhorkamuu isaaniirrattis manni murtii irra deebiin ajaja kenneera jedhan Obbo Dajaneen. Kana malees manni murtichaa Obbo Dajaneen Covid-19n qabamaniiru moo hinqabamne kan jedhu qulqulleeffachuun, akkasumas haalli fayyaasaanii maalirra akka jiru qulqulleeffatanii akka dhiyeessan, ALI Adoolessa 23f akka bellamames ni dubbatu. Haati Warraa isaanii Aadde Assellefech Mulaatuu torban dabre keessa BBC waliin turtii taasisaniin, Obbo Dajaneen ambulaansiin fuudhamanii hospitaala Eekkaa Kotabee kan namoonni Covid-19n qabaman itti yaalaman seenuu himanii turan. ''Obbo Dajaneen ni shakkaman malee qabamuun isaa natti hin himamne garuu namoota 16 wajjin hidhaman keessa afur dhibee kanaan qabamaniiru'' jechuun dubbatanii turan. Hospitaalli Eekkaa Kotabee kan namoonni vaayirasichaan qabaman qofti itti yaalaman ta'uu BBCn hojjetaa hospitaalichaa irraa mirkaneeffateera. Itoophiyaa keessa booda kana tatamsa'inni koronaavaayirasii haalaan dabalaa jira. Hanga yoonaa namoonni 14,000'tti siqan vaayirasichaan qabamuu Ministeerri Fayyaa ibsuun ni yaadatama.
oduu-50818783
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50818783
Dhaabbileen tekinooloojii gurguddoo du'aatii ijoollee DR Koongoo Kobaaltii baasaniif himataman
Dhaabbileen tekinooloojii gurguddoo addunyaa kanaa Apple, Google, Telsa fi Microsoft du'aatiifi miidhama daa'imman Dimookiraatawaa Rippaabilika Koongootti albuuda baasuun walqabatee uumameen himataman keessatti tarreeffamu.
DR Koongoo keessatti mala aadaan albuuda yeroo baasan Himannaan kun kan dhiyaates Jaarmiyaa Mirgoota Namoomaaf Falmanin bakka bu'ummaa maatiiwwan Koongoo keessatti argaman 14 fudhachuun. Falmitoonni mirgoota namoomaa kunis dhaabbileen tekinooloojii gurguddoo kun oomisha isaanii keessatti Koobaaltiin akka faayidaarra ooolu ni beeku; albuuda kana baasuuf ammoo humna daa'immaniitti akka malee fayyadamuu jechuun kan himatan. Dimookiraatawaa Rippaabilika Koongoo albuuda Koobaaltii addunyaaf dhiyaatu keessaa %60 ni dhiyeessiti. Albuudi kun ammoo baatirii lithium-ion jedhamu konkolaataawwan humna ibsaan hojjetan, laaptooppiifi bilbilawwan keessati gargaaramuuf oola. Haata'u malee, adeemsi albuuda kana baasuu seer-maleessa, sarbamuu mirgoota namoomaafi malaammaltummaatiin kan walxaxedha yaaddoo jedhutu jira. Himannaan US keessatti baname kun akka jedhutti kaampaanonni tekinooloojii albuudni Koobaaltii isaan oomisha isaanii keessatti fayyadaman humna daa'imaa akka malee fayyadamuu waliin walqabachuu isaa "addatti ni beeku". Kaampaanonni tekinoolojii kun toora ittiin isaaniif dhiyaatu to'achuu dhiisanii karaa hin malleen dafqa ijoollee saamuun bu'aa saaammachaa jiru jedhan. Dimokiraatawaa Rippabilika Koongoo albuuda Kobaaltii addunyaaf dhiyaatu keessaa %60 ni dhiyeessiti. Kaampaanonni biroon himannaa kana keessatti tarreeffamanii jiran dhaabbata koompiitera omishu kan akka Dell fi kaampaaniiwwan albuuda baasan Zhejiang Huayou Kobaaltiifi Glencore, maatiiwwan warra Koongoo lafa albuudni kun irraa bahudha. Maatiiwwan Koongoo bakka albuudicha irraa ba'u qabatan kun ijoollee keenya itti bobbaafnee hojjechiifna jechuunis ni dubbatu. Dhaabbanni Glencore jedhamu ibsa gaazexaa UK Telegiraamiif kenneen "albooda mala aadaan ba'u kamiyyu hin bitu, hin hojjedhu ykn hin daldalu jedheera. Itti dabaluunis dhaabbatichi "ijoollee hojii humna hojjechiisuu, dirqamaan hojjechiisuu, ykn hojii humnaa dirqamaa kamiyyu ni balaalleffata; kana ilaalchisee obsa hin qabu" jedha. BBCn dhaabbata Zhejiang Huayou Koobaaltirraa yaada barbaadee ture garuu ammatti hin arganne. Ragaa mana murtiif dhiyaate argeera jechuun gaazexaan UK Za Gaaridiyaan akka jedhutti, daa'imman albuuda osoo baasanii lafti irratti citee awwaalamaniifi kan miidhaman baayyeedha. Maatiin 14n Koongoo kunneen kaampaanonni himatan sababa yakka hojii humnaa dirqamaan hojjechiisuun, cabuu hamilee irra ga'eefi to'achuu dhiisanii dhibaa'ummaan rakkoon kun akka qaqqabu waan taasisanii beenyaan nuu kaffaluu qabu jedhan. Microsoft deebii Telegiraamiif kenneen dhiyeessa albuudaa fudhatu mara of eeggannoofi itti gaafatamummaan akka hojjetu ibsee, seera dhiyeessitoonni isaa waan cabsan yoo jiraate ammoo qoratee tarkaanfii ni fadhata jedhee jira. BBCn yaada isaaniif dhaabbilee akka Google, Apple, Dell fi Tesla gaafachaa tureera.
oduu-54236747
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54236747
Ajaajaan poolisii magaalaa Buraayyuu sababa ajaja mana murtii hojiirra hin oolchineef to'atamanii akka dhiyaatan ajajame
Mishaa Cirrii mirgi wabii akka eegamu ajaja manni murtii dabarse hojiirra waan hin oolleef ajajaan Poolisii magaalaa Buraayyuu Poolisiin too'atamanii akka dhihaatan manni murtii ajaje.
Lammummaa Ameerikaa kan qabu Mishaa Cirrii meeshaalee teeknolojii heeyyama telekoomiin alatti diriirsuufi hojiirra oolchuudhaan kan himatame. Abukaatoo isaanii Obbo Kadir Bulloo BBC'tti akka himanitti, guyyoota 15 dura manni murtii olaanaa federaalaa mormii abbaan alangaa fi abukaatonni dhiheessan erga dhagaheen booda Mishaa Cirrii wabii birrii kuma 20 tin akka lakkifamu ajajee ture. Haa ta'u malee poolisiin ajaja manni murtii kenne kana hojiirra oolchuu dhabuudhaan osoo gadi hin lakkifamne hafe. Manni murtii federaalaa dhadhacha Lidataa olmaa har'aatiin dhimma Mishaa Cirrii irratti poolisiin Federaalaa fi Poolisiin Oromiyaa maaliif ajaja mana murtii hojiirra akka hin oolchine gaafateera jedhan. Poolisii federaalaa bakka bu'uun dhadhacha irratti kan hirmaatan himatamaan kuni akka hin gadhiisne abbaa alangaa irraa ajajni waan nutti kennameef osoo hin gadhiisin hafne jechuun dubbatanii jedhan. Poolisiin Oromiyaa garuu dhadhacha har'aa irratti waamichi taasifamuufis osoo hin hirmaatin hafuus eeran Oboo Kadiir. Abbaan seeraas ajaja manni murtii kenne hojiirra oolchuu dhabuudhaafi waamicha taasifame irraa hafuu isaanitiif ajajaan poolisii Magaalaa Buraayyuu beellama itti aanuratti poolisiidhaan to'atamanii akka dhihaatan ajajuu himan. Manni murtichaa dhimmicha ilaaluuf Fuulbaana 13tti beellama kan qabe yoo ta'u, dhadhacha har'aa irrattis bakka bu'oonni Imbaasii Ameerikaa argamuu Obbo kadir Bulloo BBC'tti himaniiru.
isportii-54157826
https://www.bbc.com/afaanoromoo/isportii-54157826
Ispoortii: Mesin galii argatuun taphattoota kaan caalee tokkoffaa ta'e
Jifataan Baarseloonaa Liyoonel Meesin bara 2020 taphattoota galii guddaa argatan keessaa kan duraa ta'e.
Barruun galii namoota beekamo ifa gochuun beekamu Foorbis, Meesin dolaara miiliyoona 126 waggaa tokko keessa galfachuu ibse. Morkataan isaafi taphataan Yuventus Kiristiyaano Ronaaldon immoo dolaara miiliyoona 117 argate. Neyimaar fi Mibaappe PSG irraa sadaffaafi afraffaa ta'aniiru. Taphattoonni Pirimiyeer Liigii Mohaammad Saalah fi Pool Pogbaa akkasumas Deevid De Hiyaa dabalatee sadarkaa 1 - 10 keessa seenaniiru. Taphataan Maadiriid Beelillee dolaara miiliyoona 29'n sadarkaa 8ffaa qabachuun kanneen galii guddaa galchatan keessaa ta'eera. Keessumaa Gaarez Beel bara dorgommii 2019-20 leenjisaa isaa Ziidaan waliin waldhabuun taphoota 14 booda kan kilabichi taphate keessaa lama qofaarratti hirmaate. Jifataan LivarpuuL Saalah, utubaa Yunaayitid Pogbaa kan jahafaarra jiru dursuun sadarkaa shanaffaa qabate. Karri eegaa Yunaayitid De Hiyaa 10ffaadha. Jifataan Baarseloonaa Gireezimaan 7ffaa yoo ta'u jifataan Muunik Roobert Lewaandowiskii sagalaffaadha. Kanneen sadarkaa tokko hanga sadii jiran bara darbellee sadarkaa walfakkaataa qabatanii turan. Barana kan ol guddate Mibaappeedha - torbaffaa gara sadaffaa dhufe. Lammiin Arjentiinaa Meesin, ganna 33, Baarseloonaa gadhiisuuf yaadus boodarra turuuf murteeffachuun isaa ni yaadatama. Taphattoota galii guddaa argatan galmee barruu Foorbisirraa
oduu-50849658
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50849658
Intalli akkaataa haatiishee abbaashee itti ajjeefte himun ni ta'aa?
Shamarree Chaaliiz Teeroon akkaataa haati ishee of baraaruuf jecha abbaa ishee kan araada dhugaatiin qabaman itti ajjeefte yoo himtu ''hin qaana'u'' jetti.
Taatuu kun umuriin ishee waggaa 15 turte wayita abbaan ishee machaa'uun bakka haadha ishee waliin dhokatanitti ajjeessuuf itti dhukaasaa ture. Haa ta'u malee, ''rasaasni inni dhukaasee kammiyuu nu hinrukunnee ture. Kunis raajiidha. Garuu ofi ittisuuf jecha rasaasa dhukaasteen haati kiyyaa haalicha xumurte,'' jechuun midiyaatti himte. Itti dabalunis, ''waa'ee taatee kanaa irra deddeebiin yoo himnus, kan haala akkasii keessa darbee nu qofaa akka hintaane hubanne.'' Chaaliiz dhalattee kan guddattee Afriikaa Kibbaa dhiheenya magaalaa Johaansbargiitti naannoo qonnaan bultootaa tokko keessatti haadha ishee Gerdaa fi abbaashee Chaarliiz irraayyi. Abbaa ishee akka 'nama dhukkubsataa' tureetti kan ibsitu shamarreen tun, ''nama araada dhugaatiin qabame waliin jiraachuun haala baayyee abdii dhabeessa ta'eedha'' jechuun haala keessa dabarte himti. Charlize Theron fi haadha ishee Gerda waliin sirn Oskaara baatii Guraandhalaa keessa "Araada waliin, jireenyaa guyyaa guyyaa jiraachuun baayyee cimaadha. Keessattuu taatee guyyaa tokkichaa qofa osoo hintaane haala jireenya akkasuu bara jireenyaa gutuu jiraachuun baayyee cimaadha,'' jetti. Waa'ee taa'ee uumamee sana ilaalchisuun wayita dubbattuus, abbaan ishee baayyee dhugaatiin machaa'anii akka turan himti. ''Wayita qawwee qabachuun gara manaa dhufuttis ofiisa danda'ee adeemuyyuu hindanda'u ture.'' ''Aniifi haati kiyya ammoo kutaa kiyya keessa dhukannee turre. Sababiinsaas karaa karraatiin nutti dhukaasaa ture. "Kanaafuu lamaan keenyayyuu kallattii karraatiin akka karra cabsee hin seenneef gadi ciifnee karra dhiibuu yaallee turre. "Waa'ee isaa dubbachuuf hin qaanneeffadhu, sababiinsaa yoo caalaa waa'ee akkasi dubbannee caalaa akka nuti qofaan haala akkasii keessa akka dabarruu nutti hindhagahamu. "Akkan yaaduutti anaaf, kun seenaa araada waliin guddachuufi dhiibbaa arraadi namarraan gahu hima.'' Badhaafamtuu Oskaar kan taatee taatuun tun, waa'ee daarektarri filmii erga mana isaatti hojiidhaaf affeereen booda tuttuqqaa hintaane irratti raawwatees ni dubbatti. Osoo mana isaatii hin bahiin duras iseetu dursitee dhiifama akka gaafatte himti- kunis akka baayyee ishe aarse himti. Qabiyyeen qoccoollaa saalaa kunis dhimma isheen filmii Bombshell dhiheenya kanaa keessatti ittifte jirti. Gochi qoccoollaa saalaa kunis '' miidhaa qaamaa qofaa miti. Akkasumas yeroo hunda gocha gudeeddii qofaa miti,'' jetti. ''Innis gocha miidhaa xin sammuu dubartoota irraa guyyaa guyyaan qaqabuudha. Kunis gama jecha afaanii, tuxuqaa qaamaa ykn hojii akka dhabduuf sdaachifamuudha. "Dhimmoonni na mudataa jiran kan akkasiitti.''
oduu-52651352
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52651352
Sirna Gadaa: Abbaan Gadaa aangoorra jiru yoo du’e aangoon akkamittii darba?
Caasaa Gadaa Maccaa keessaa Tokko kan ta'e Gadaan Jimmaa kan Odaa Hullee jalatti bulu erga adda citee, duudhaa sirna Gadaatiin aangoo waliif daddabarsanii walbulchuun hafee ganna 239'f adda cite ture.
Kabaja sirna Gadaa irratti namoota Kallacha godhatan Odaan Hullee, bakka Gadaan Jimmaa Seera itti tumatu kuni godina Jimmaa aanaa Oomoo Naaddaatti argama. Akka itti gaafatamaan waajjira aadaa fi Turizimii aanichaa Obbo Amiin Kamaal jedhanitti caasaa sirna Gadaa Jimmaa kan Odaa Hullee kana deebisanii ijaaruuf bara 1983'tti yaaliin taasifamee ture garuu fiixa hin baane ture. Yaaliin kuni milkaa'ee Odaan Hullee deebi'ee caasefamni sirna Gadaa isaas diriiree hojii kan jalqabe garuu bara kana jalqabarratti ture. Gadaa Jimmaa kana deebisanii ijaaruu keessatti namni gahee guddaa bahataniifi Fulbaana 15 bara 2012 ammoo Abbaa Gadaa Jimmaa ta'uun kan filataman Abbaa Gadaa Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa dhibee isaan mudateen Caamsaa 01 bara 2012 du'aan Boqotan. Abbaan Gadaa kuni Ardaalee jilaa saddeettan godinichi qabu deebisanii ijaaruudhaan Gadaan Odaa Hullee akka cimuuf nama hojjechaa turanidha. AbbaDiggaa Abbaa Duulaa sirni awwaalcha isaaniis Godina Jimmaa Ganda Tolii Sabbataatti caamsaa 2, bara 2012 raawwatame. Gadoomaa fi du'a…. Sirni Gadaa sirna keessatti namni Abbaa Gadaa irra jiru yoo du'e yookiis namni Abbaa Gadaatiif kaadhimamee jiru yoo du'e maaltu ta'a jennee Qoarataa sirna Gadaa kan tahan Aab Jaatanii Diidaa gaafanneerra. Akka isaan jedhanitti keessumaa sirni Gadaa Booranaa namni aangorra jiru yoo du'e yookan rakkoon muudatu namni aangoo Gadaa sanatti cehee bulchu duruma beekamaa waan ta'eef rakkoon bulchiinsarratti dhufu hin jiru jedhu. "Gadaa Booranaa keessatti warri Gadoomu nama jaha. Akkuma duraa duubaatiin jechuudha.Abbaa Gadaa muummichaa tokkicha saniin alatti namni gulantaa isatti dhihaatu qabu ni jira. Yoo namni suni du'e namuma itti aanee jiru sanati Abbaa Gadaa taha" jedhan. Abbaa Gadaa Abbaa Diggaa Abbaa Duulaa Ta'iiwwan namni abbaa Gadaatiif kaadhimammee yookan osoo aangoorra jiruu osoo barri aangoo isaallee hin xumuriin abbootiin Gadaa du'an Gadaa Booranaa keessatti mudachaa turuus ni himu. Gadaa amma aangoorra jiru Gadaa Kuraa Jaarsoo Kuraa akka fakkeenyaatti kaasu. "jalqaba namni Abbaa Gadaatiif Lallabamee ture Guyyoo Jaarso ture. Guyyoon osoo yeroon Gadooma isaa hin qaqqabin waan boqoteef Obboleessa isaa Kuraa Jaarsootu bakka isaa Abbaa Gadaa ta'e " jedhu. Sirni ittiin nama Gadaaf kaadhimame bakka buusan kunis 'Gadaa dhaaluu fi Gadaa qabachuu jedhamuun beekamu. Gadaa dhaaluun yoo namni Gadoomaaf kaadhimame suni osoo barri Gadaa hin gahin yookan osoo Gadaa hin qabtin boqote namni haaraa bakka isaa bu'e suni 'Gadaa dhaale' jedhama jedhan. Yoo akka amma Abbaan Gadaa Jimmaa kana osoo aangoorra jiranii bara Gadaa isaanii osoo hin xumurin boqotan ammo namni bakka isaanii bu'e 'Gadaa qabate' jechaadha. Caaseffamni Gadaa Booranaa balaa akkanaa dhuftuuf dursee qophii kan qabuu fi rakkoo akkanaa yoo mudate adeemsa salphumatti falli itti kennamu qabaatus iddoowwan Gadaan isaanii nama tokkoon bulutti haala Kanaan raawwachuuf rakkisaa ta'uu eeru. Hayyuun Gadaa Tuulamaa Laggasaa Naggawoo Gama isaaniin, yoo namni aangoo Abbaa Gadaa irra jiru lubbuun isaa darbe miseensa Gadaa aangorra jiru sana keessaa namni biraa filatamee bakka bu'a jedhan. " Miseensuma Abbaa Gadaa Sanaa keessaayii kan namni isaan bakka bu'u filatamu. Fakkeenyaaf abbaan Gadaa suni Birmajjii yoo ta'e Gadaan kan Birmajjii waan taateef isaanuma keesaayi Abbaan adaa kan Filatamu. Yaa'ii saglaniin walgahii isaan keessaa muudama" jedhan. Akka Gadaa Tuulamaatti Namni Abbaa Gadaa ta'ee bulchaa jiru barri bulchiisa isaa waggaa afraffaa irra yeroo gahu akkaataan bulchiinsa isaa ni qoratama. Sababnisaas Abbaan Gadaa kuni badii uumuu dandaha waan ta'eef yaa'iin bulchiinsa isaa nitoo'ata jedhan. Namni Abbaa Gadaa ta'ee bakka bu'u kunis bara Abbaan Gadaa waggaa saddeet guutuuf isa hafe qofa bulcha malee gaafa muudamerraa wagga saddeet hin lakkaahatu. Warri Gadaa Odaa Hullees Abbaa Gadaa Jimmaa AbbaDiggaa Abbaa Duulaa kan tibba kana lubbuun isaani darbe akkaataa sirna Gadaatiin Ardaaleen jilaa saddeettan walitti dhufuun mari'atanii abbaan Gadaa haaraan bakka buusu.
oduu-48089574
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48089574
Indoneezhiyaatti namoonni 270 sagalee filannoo osoo lakkaahanii du'an
Indooneezhiyaatti namoonnii 270 ta'an sa'aatii dheeraaf sagalee filannoo miiliyoonaan lakkaawamu boqonnaa malee lakkaahaa turan dhukkuba dadhabbii waliin walqabatuun lubbuun isaanii darbuu aangawoonni beeksisan.
Filannoo Indooneezhiyaa Dubbii himaan Komiishinii Filannoo waliigalaa biyyattii Ariif Priyoo Susaantoo namoonni 1,878 ta'an biroon dhukkubsachuu himaniiru. To'ataan daandii tiraafika qilleensaa goota jedhame Faalama Pilaastikaaf 'Obsa dhumaaa' Lakkaawwii sagalee filannoo Ebla 17 kana namoota miiliyoona torba ta'antu gargaaraa ture. Haala mijataa hin taane keessatti halkan guutuu hojjechuuf dirqamuu isaaniitu madda rakkoo kanaatii jedhame. Biyya lammiilee miiliyoona 260qabdu kana keesattii maallaqa qusachuuf jecha filannoon manneen maree biyyaaleessaa fi naannolee kan pireezidantummaa waliin walumatti yeroo gaggeefamu kun isa jalqabaati. Namoota sagalee kennuuf mirga qaban miiliyoona 193 keessaa 80% kan ta'an buufataalee filannoo 800,000 ta'anitti sagalee isaanii kennaniiru. Ariif Priyoo Susaantoo akka jedhanitti namoonni 272 hangaa ol hojjeechuun lubbuun isaanii darbe. Indoonezhiyaan maatii namoota du'an kanaaf mata mataatti beenyaa Ruupii(maallaqa biyyattii) miiliyoona 36 ( $2,500) kaffaluuf. Qeeqxonni mootummaa filannoowwan gurguddoo lamaan kana walummatti qabee gaggeesuu qeeqaniiru. Dorgommii Pireezidantummaan kan aangoorra jiraniifi morkaataan isaanii anatu mohe jechaa kan jiran yoo ta'u bu'aan filannoo ifatti kan beekamu guyyoota 23 booda.
oduu-45192719
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45192719
Raafuu maraan akkamitti kaansarii ittisa
Saayintistoonni akkamitti akka muduraaleen kan akka raafuu maraafi raafuu gurraachaa dabalatee dhukkuba kaansarii marummaaniin qabamuurraa nama oolchan dubbatu.
Gareen qorattootaa Dhaabbata Firaansiis Kiriik argadhe akka jedhutti, muduraaleen warra akaakuu baalaa ta'an yeroo soorataaf oolanii keemikaalli farra kaansarii keessatti omishama. Qorannoon Kaansarii UK akka jedhutti muduraalee caalmaatti soorachuudhaaf sababiiwwan hedduuti jiru. Hojiin qorannoo kun antuutaafi marrummaan qallaa laaboraatoorii keessatti hojjetanii akkamitti akka muduraaleen kun waan marrumaan keessa jiran itti jijjiiruu danda'anirratti xiyyeeffachuun hojjetan. Akkuma gogaatti, keessi marummaanii adeemsa guyyaa afurii hanga shanii keessatti haala dhaabbataa ta'ee ni haarmofama. Haata'u malee, adeemsi yeroo dhaabbataa kanatti haaromfamuu kun sirriitti to'atamuu qaba. Kana ta'uu baannaan gara kaanseriitti ykn akka ulaan kun dhukkubu taasisa. Akka qorannoon maxxana dhimmoota qorannoo irratti ba'e agarsiisutti, keemikaalonni muduraalee baalaa rakkoo kanaaf faayidaa ol aanaa qabu. Alawaada bakka itti bilcheesan keessa hanga kaanserii ittisuutti? Qorattoonni kun keemikaala maqaan isaa indole-3-carbinol, jedhamu kan yeroo muduraalee alafkatan uumamu argatan. "Kan gar-malee bilchaateefi daraaraa raafuu maraa jiidha qabu akka hin taane garuu mirkaneeffadhaai," jedha Dr. Gittaa Istookinger. Keemikaalli kun asiidii garaacha keessa jiruun foyyaa'ee sirna bullaa'insa keessa darbuu isaa itti fufa. Marrummaan gara jalaa keessatti, amala seelota warra achi keessatti yeroo hundaa akka haaromsi ta'u gargaaran dandeettii dhukkuba dandamachuu cimsuu keessatti gargaara. Qorannon kun akka agrsiisetti sooranni keemikaala raafuu keessatti argamu indole-3-carbinol jedhamu ol aanaa qaban antuuta kaanseriirraa ittisaniiru. Innumaattuu warra qaceen sanyii isaanii carraa kaanseriif saaxilamuu guddaa qaban dabalatee kaanserii irraa itttisuu danda'eera. Mallattoowwan kaanserii marrummaanii walitti fufinsaan mullachuu: Akka dr. Istookiinger jettutti argannoon kun "abdii kan namtti uumudha". Isheen amma foon nyaachuu hir'istee muduraalee baayyee nyaachuu eegalteetti.
oduu-53161891
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53161891
Ayyaana injifannoo Waraana Addunyaa Lammaffaa Raashiyaa
Waggaa 75'ffaan injifannoo Waraana Addunyaa Lammaffaa Raashiyaa sodaa Covid-19 guyyoota muraasaaf darbaa ture, har'a Moskootti gaggeeffame. Ayyaanni kun yeroo kaan guyyoota 13 dura Waxabajjii 9 kabajama ture.
Ayyaanni kun fooyya'iinsa heeraa Putiiniin ammas marsaa dabalataa lama aangoorra tursuu hayyamurratti sagaleen kennamuuf guyyootni yoo hafu gaggeefamaa jira. Yuuniyeeniin Ripaablika Sooshaalistii Sooviyeet(USSR) yeroo sanii waggaa 75 dura waraan Addunyaa Lammaffaarratti Naazii Jarmaniin injifatan. ''Hojiin keenya uummata Sooviyeet kanneen gootummaan Naazummaa injifata yaadachuudha'' jedhan Pireezidant Puutiin. ''Uummata keenyatu isa hamaafi guutummaatti cubbamaa ta'e injifatee'' jedhan. Naazii Jarmaniin Waxabajjii 8 bara 1945'tti garee biyyoota Biriteen, US fi USSR'n kan injifatame ta'uus, biyyootni Tokkummaa Raashiyaa isa durii keessa turan guyyaa kana Waxabajjii 9 kabaju. Pireezidant Vilaadmiir Putiin ayyaanni kun Waxabajjii 9 irraa guyyoota 13 boodatti hafe akka kabajamu kan taasisan sababa weerarri Covid-19 biyyattii keessatti hammaachaa jiruufi jedhameera. Tamsa'ina Covid-19 to'achuuf Raashiyaan walitti qabama namaa kan dhorkite ta'uus loltootni biyyattii kumootaan lakkaawaman Addabaabayii Red Square jedhamutti aragamuun agarsiisa meeshaalee waraanaa gurguddoon ayyaanicha miidhassaniiru. Ayyaana kana Puutiin yeroo kaan miira jaalala biyyaa uummata Sooviyeet cimsuuf itti fayyadamuu turan. Kan alanaa kun ammoo aangoorra turuu isaanii mirkaneeffachuuf guyyoota muraasa gidduutti wayita rifarandamiin gaggeefamuuf jedhutti ta'uun hika adddaa kennaafi. Raashiya keessatti yeroo amma namootni 600,000 ta'an Covid-19'n kan qabamanii jitu. Ayyaana kanarratti loltootni 13,000 ta'an, konkolaataa waraanaa 234 fi xiyyaarota waraanaa 75'n agarsiisa waraanaa gaggeesaniiru. Biyyootni miseensota Sooviyeet turan akkasumas Chaayinaa, Mongooliyaafi Serbiyaa irratti loltootni hirmaatan tura. Waxabajjii 9 ayyaana kabajamuun irra ture kanarratti Pireezidantiin Firaans Imaanu'eel Maakroioniifi kan Chaayinaa Shii Jinpiing ni argamu jedhamee ture. Guyyaa har'aas pireezidantootni Sarbiyaa fi Beelaaruus ni argamu jedhamee eegama.
oduu-48790723
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48790723
Chaansilarri Jarmanii Angeelaa Meerkel yeroo lammataaf osoo hoollatanii mul'atan
Chaansilarri Jarmanii Angeelaa Meerkel sirna magaalaa Barlin keessatti raawwaa ture irratti - akkuma guyyoota saddeet duraa ammas irra deebiin akka malee yoo hoollatan mul'ataniiru.
Angeelaa Meerkel yeroo lammataaf Barlin keessatti wayita hoollatan Namni ganna 64, Meerkel Kamisa qaamni ishee yoo hurgufamu viidiyoon mul'ateera. Kanaan duras guyyoota saddeet dura sirna biraa irratti wanti wal fakkaataan ishee mudatee ture. Kan gaaf jalqabaa dhangala'aan qaama keessaa dhumuu ykn 'dehydration' jedhamee ture. Kamisa wayita qaamni ishee hurgufamu bishaan dhiyaatuufis hin dhugiin hafte. Turtii muraasa booda akkuma sagantaa ishee gara Jappaan imalti, nageenyi ishees gaariidha jechuun dubbi himaan ishee dubbateera. Guyyoota saddeet duras pireezidantii Yuukireen Voloodmiir Zeleniiskii bira dhaabatanii qaamni isaanii akka malee hurgufamuu eegale. Boodarra bishaan dhuganii akka bayyanatan himan. Guyyaa lamaanuu haalli qilleensaa ture ho'adha. Bara 2017 daawwannaaf gara Meeksikoo imalanii wayita turan wanti wal fakkaataanisaan mudatee akka ture chaanaliin Oduu NTV kan biyya Jarmanii gabaaseera. Bara 2005 aangootti kan dhufte Angeelaa Meerkel marroo afraffaaf aangoorra jirti. Bara 2021'tti siyaasa keessaa akka baatu beeksifteetti. Biyyattii keessatti nama sadaffaa yeroo dheeraaf aangoorra turtedha. Sababa fayyaa isheen hojii ishee itti fufuu yoo hin dandeenye, chaansilarri itti aanaa wayita ammaa Ministira Maallaqaa ta'ee dalagaa jiru bakka bu'ee itti fufa.
oduu-46727291
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46727291
Tookiyootti Konkolaataan namoota kadhata ayyaanaaf deeman 8 rukute
Daandii Tookiyoo beekamaa irratti konkolaataan namoota waggaa haaraa kabajuuf lafoo adeemaaa turan sadeet rukute mudeesse.
Kutaa faashinii Harajukuti halkan walakkaa booda nama balaa kana geessiseen namoota saddeet miidhaman keessaa tokkoo haala hamaa keessa jira. Karaan tiraafikiif cufame ture kun namoota waggaa haaraaf gara lafa kadhataa deemaaniin guutee ture. Namni to'annoo jala oole kun "karoora ajjeesuu" akka qabu dubbii himaan poolisii AFP'tti himeera. Namichi umurii wagga 21 kun Kazuhiro Kusakabe jedhama. Namoota miidhaan konkolaataa irra qaqabee keessaa tokko, barataan yuuniversiitii yoo ta'u, balaa cimaan irra ga'ee mana yaalaatti wal'aansa argachaa jira jedhameera. Daandiin Takeshita naannoo Shibuyatti argamu gabaa guddaa faashinii fi aadaa dargaggoo qabachuun beekama. Dawwaatootaa addunyaa maraa hedduus hawwachuunis beekamadha.
oduu-46733636
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46733636
Lammii Ingilizii bara haaraatti lotoorii Birrii biiliyoona 3.9 argate
Sirna lootoorii guyyaa jalqaba waggaa haaraatti biyya Inglizii keessatti gaggeeffameen namitchi tokko paawundii miiliyoona 115 ykn qarshii biiliyoona 4 argachuun dhagahame.
Dhaabbanni Lotorii biyyattii akka beeksiiseetti, taateen kunis dhaabbatichaa keessatti seenaa qarshii olaanaa arfaffaadha. Sirna carraa fudhuu kana irrattis namoonni gara biraa 10 tokkoon tokkoo isaanii paawundii miiliyoona tokko argataniiru. Namtichi abbaa caraa lototrii Kibxataa kan maqaan isaa hin eeramiin kunis lakkoofsa carraa sirrii argachuun ayyaana bara haaraa kennaa addaatiin eegaleera. Seenaa lootorii awuroppaatti keessatt maallaqni olaanaa ta'unsaa galmaa'e paawundii miliiyoona 161, abbaa fi haadha warraa Koliin fi kiriis kaaba Ingiliiz jiraatanii bara 2011tti kan qaqabeedha. Bara 2012 ammoo haadha warraa fi abbaa warraa Adiriyaan fi Giiliiyan Beyiford jedhaman paawundiin Ingilizii miiliyoona 148 kan qaqabe. Jarreen kunneenis erga lootoriin kun qaqabeen booda waggaafi baatii sadiin booda gaa;iilli isaanii diigameera. Diigama gaa'ila isaanii kanaafis sababiin maallaquma osoo hin eegaamiin qaqabe kana akka ta'e himama. 'Xaba lootorii Yuromiiliyaansi' jedhamus kan lammiileen biyyoota sagal irratti hirmaatan yoo ta'u, Ingliizi, Awustiraaliyaa, Faransaayi, Ispeen, Siwiizarlaandi kanneen eeraman keessaayi.
oduu-49148661
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49148661
Dargaggoo Ameerikaa tapha onlaayiniin doolaara miiliyoona 3 mo'ate
Dargaggoon Ameerikaa kun tapha/geemii kompitaraa Fortnite jedhamuun beekamu kana reekordii cabsuun kan doolaara miiliyoona 3 mo'ate.
UK keessa tilmaamaan namootni geemii taphatan 32.4 tahu Seenaa ispoortii onlaayiniin kuni badhaasa isa guddaadha, doolaara miiliyoona 30tu warra mo'ateef qoodama. Keeyil Geerisdoof dargaggoon ganna 16 tapha onlaayinii teenisii Niwoorkitti taasifameen kan inni mo'ate. Dargaggoon Biriitish Jeedan Ashmaan jedhamu immoo yuroo miilyoona tokko mo'achuun lammaffaa baheera. Keeyil Geerisdoof maqaa onlaayiniin Bugha kan jedhamu yoo tahu yeroo mo'achuunsaa yoo himamu gammachuudhaan harkasaa raasaafi koflaa ture. Keeyil Geerisdoofis badhaasa isaa gara caalu qusachuu akka barbaaduufi minjaala badhaasa isaa irra keewwatu bitachuu akka barbaadu dubbateera. Ispoortiin onlaayinii kun jila guddaa maallaqa biiliyoonaan lakkaa'amuun socho'u taheera. Dorgomtoonni dhumaa 100 Fortnite kompitaroota gurguddoo irratti wal-falmaa turan. Tapahattoonni miiliyoona 40 tahan torbee 10 keessatti taphicha irratti hirmaachuuf yaalani turan. Taphicha irratti biyyootni 30 kan hirmaatan yoo tahu tapahttoonni 70 US irraa, 14 Firaans irraafi 11 immoo UK bakka bu'anii turan. Taphichi taphattoota sadarkaa addunyaatti galmaa'an miiliyoona 200 kan qabu yoo tahu warreen kun tapha/geemii tolaan buufachuu danda'u. Taphattoonni qofaa isaanii, nama beekan yookiin hin beekne waliin dorgomuu danda'u. UK keessatti taphichi araada qabsiisa jedhamuun qeeqama. Mo'ataa taphichaaa
oduu-48591182
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48591182
Ergamaan olaanoon US nageenya biyyattiirratti mariyachuuf Sudaanitti imalaa jiru
Afrikaatti diploomaatota US qabdi jedhamu keessaa tokko nagaa dhabuu Sudaan sababeefachuun torbee kana gara biyyattii akka imalu waajirri haajaa alaa biyyattii beeksiseera a
Dhimmmoota Afrikaarratti garagaaraa barreessan motummaa US Tibor Nagy ''haleellaan namoota nagaarratti raawwatamu akka dhaabatu gafanna'' jedhaniiru. Dilbata darbe eegalee hojjettootni hiriira bahuun mootummaan waraanaa aangoo qaama hin hidhanetti dabarsee akka kennu dhiibbaa uumutti jiru. Sudaan hogganaa mormitootaa hiite gadi dhiiste Guyyaa mormii dursee 'hidhaan jumlaa' gaggeefamaa jira Hiriira haaraa guyyaa jalqabaa kanaan qaamoleen nageenyaa gaasii imimmaanessuufi rasaasa dhukaasa kan turan yoo ta'u namoonni afur ajjeefamaniirus jedhameera. Akka waajirri haajaa alaa Us jedhuuttu Nagyiin mariin qaamolee lameen gidduutti eegale akka itti fufu ''qaamoleen lameen haala mijaahaa akka uuman dhiibbaa ni godhu'' jedha. Diploomaatiin kun Ministira muuummee Abiy kan qaamolee lameen walitti fiduuf hojii jaarsummaatti jiran waliin wal arganiis ni mariyatu jedhameera. Itti aanees gara Mozaambiikifi Afriikaa Kibatti imalu jedhameera. Wayita haleellichaa Wiixani magaala Kaartuum callisaa ta'us manneen daldalaa muraasni banamanii, konkolaattootni muraasniis socho'aa jiru. Waamicha Waldaan Ogeeyyii Sudaan hojjetaan kamuu hojii akka hin galle dhiyeesse fudhachuun magaala guddittii Kaartuum fi magaalota kaan keessatti manneen daldaaa, Baankiiwwan fi manneen hojii cufaa dha. Waldaan ogeeyyii kun tibba darbe momitootni nagaan 100 ta'an qaamolee nageenyaan erga ajjeefamanii booda dha lagannaa hojii akka ta'u kan waamicha dhiyeesse. ''Sochiin diddaa uummataa kun Dilbata eegalee yeroo mootummaan uummataa aangoo fudhachuu isaa Televiizhiinii biyyattiirratti dhiyaatee ibsa kennu qofa xumurama'' jedha ibsi Waldaa kanaa. Sudaan qondaaltota mootummaa duraanii hiite Sooma ramadaanaa fi mormitoota Sudaan ''Diddaan sochii meeshaalee waraana jaboodha jedhaman jilbeeffachiisu jedha'' Protesters have set up roadblocks across the capital. Social media users with access to a connection reported that the country's internet was blocked by the ruling military government. Mormiitootni Kaartuum keessatti daandiiwwan cuccuufiifi. Namoonni miidiyaa hawaasummaarratti si'oominaan barreessan ammmoo mootummaan Intarneeta cufuu gabaasaa jiru. Oduu kan biraan hoogganoonni hidhattootaa sadii magaaliittii keessaa gara Sudaan Kibbaatti deebifamaniiru Sadeen keessaa tokko Yasiir Amiin ji'a darbe turtii waggaa jahaa booda biyya isaa sudaaniitti kan deebi'e yommuu ta'u bakka hin argamnetti murtiin du'a itti murtaa'ee ture. Itti aanee maaltu ta'a? Akka Rooyitars gabaasetti mormiitootni mootummaa ce'umsaa ogeeyyii diinagdee jajjaboo of keessatti hammate ijaaruuf karooratti jiru. Tokkummaa garee mormitootaa fi dhaabbilee siyaasaa mormituu keessaa nama eenyummaan isaanii akka ifa hin taane gaafatan waabeffachuun ejeensiin kun akka jedhutti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti barreessaa olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa kan turan Abdullaa Hamduukiin Ministira muummee mootummaa ce'uumsaa gochuun filachuuf akka ta'e gabaaseera. Dubartoota sadii dabalatee namoota biroo saddeet miseensa mana maree ce'uumsaa ta'aniis filachuuf jedhu jedhameera. Torbee darbe Ministirri muummee Abiy wayita mariif gara Kaartuum imalanii turan yaaduma kanaan walfakkaatu dhiyeessan: mana maree ce'umsaa miseensota 15 qabuufi saddeet kan qaama militarii keessaa hin taane torbammoo qaama militarii keessaa akka ta'u dhiyeessanii turan.
oduu-56969663
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56969663
Sooressoonni addunyaa Biiliifi Melindaan waggoota 27 booda wal hiikan
Biilii fi Melindaa Geet waggoota 27'f waliin jiraachaa turanii wal hiikuu isaanii ibsan. Lamaan isaaniiyyuu ''kana caalaa waliin taanee akka abbaa manaa fi haadha manaatti waliin guddanna jennee hin amannu'' jedhan.
Lameen bara 2018 suuraa kana kan ka'an yoo tahu tol ooltummaaf deeggarsa biiliyoonaan kennaniiru Hariiroo keenya irratti hojii guddaa hojjennee yaada baay'ee irratti waliin dubbannee, gaa'ila keenya addaan kutuuf murteesine'' jechuun lameen isaaniiyyuu Tiwiitera isaanii irratti barreessan. Biil Geetii fi Melindaan jalqaba bara 1980 keessa yeroo Melindaan dhaabbata Maayikiroosofti [Microsoft] galte wal baran. Lamaan isaaniiyyuu waliin ijoollee sadii kan horatan yoo tahu isaanis Faawondeeshinii Biil fi Melindaa Geet gaggeessu. Dhaabbatichi dhukkuboota daddarboo ittisuu fi talaallii ijoollee jajjabeessuuf doolaara biliyoonotaan baasii gochaa ture. Biil Geetii fi investerri Waareen Buufet- namoota kennuu duuba jiran yoo tahu, biliyeneroota irra caalaa qabeenya isaanii wantoota gaggaariif kennan jedhamuun beekamu. Biil Geet addunyaa irratti nama sooressa sadarkaa 4ffaa irra jirudha, akkaataa barruu Foorbes ibseen qabeenyi isaa callaan doolaara biliyoona 124dha. Qabeenya isaa kana karaa dhaabbata sooftiweerii innumti namoota kaan waliin bara 1970 keessa hundeesse Maayikiroosofti [Microsost] argata. Amma lameen Biili fi Melindaan wal hiikuu isaanii karaa Tiwiiteraa ibsan. ''Waggoota 27 darbaniif ijoollee jajjaboo sadii waliin horannee guddisneerra. Addunyaa irrattis faawondeeshinii namni hundi jireenya fayyaa qabeessaafi firii qabeessa tahe akka gaggeessu gargaaru hundeessineerra jedhan. " Ergama sana irratti ammas yaada wal jijjiiruu itti fufna akkasumas hojii keenya karaa faawondeeshinichaa waliin itti fufna, garuu '' kana booda jireenya keenya itti aanu keessatti waliin taanee akka abbaa manaa fi haadha manaatti waliin guddanna jennee hin amannu'' jedhan. ''Jireenya haaraa kana gaggeessuu waan jalqabneef maatii keenyaaf bakkaa fi icciitiin isaanii akka eegamu gaafanna.'' Akkamitti wal fuudhanii ture? Bara 1987 Melindaan manaajera oomishaa [product manager] taatee dhaabbata sooftiweerii Maayikiroosoofti galte. Baruma sana lamaan isaaniiyyuu Niw Yoorkitti irbaataa hojii biizinesii qophaa'e irratti waliin taa'an. Lamaanuu jaalalaaf wal beellamuu jalqaban, garuu akka Biil dookimentarii Netflix irratti dubbatetti. ''Lamaan keenya waliif eegganne, kanaaf carraa lama qofa jira. Adda bahuu yookaan wal fuudhuu.'' Meelindaan Biiliin kan argatte-onnee keessatti tooftaan kan tahe fakkaata. Boordii adii irratti ''faayidaa fi miidhaa itti heerumuu qabu 6'' jettee tarreessite. Bara 1994 iddola Laanaay, Hawaayaan irratti wal fuudhan. Helikoopteroonni naannichaa keessumoota hin barbaachisne akka hin gallee akka ittisan godhan. Biil Geet bara darbe hojii tola ooltummaa isaa irratti xiyyeeffachuuf aangoo boordii maayikiroosoofti gadhiisaniiru.
52226511
https://www.bbc.com/afaanoromoo/52226511
'Koronaavaayirasiirratti qofa xiyyeefatamee dhukkubsattoonni dhibee biraa dagatamaa jirra'
Erga dhibeen koronaavaayirasii dhufee namootni dhukkuboota akka sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi onnee qaban yaalaa argachuuf rakkachuu himu.
Ji'oota shan dura biyya Hindiitti wal'aanasa Baqaqsanii Yaaluu Onnee fudhatee deebi'uu kan himu Gaazexeessaa Gaarii Lammaa, ergasii yeroo yeroodhaan Hospitaalatti deddeebi'ee hordoffii taasisaa ture. Erga dhibeen koronaavaayirasii kun dhufee garuu hospitaalatti deddeebi'ee hordoffii gochuuf rakkadheera jedhu. "Ani torbee lama lamaanin hospitaalatti deddeebi'ee hordoffii taasisaan ture. Amma erga dhibeen koronaavaayirasii kun dhufee garuu tokkoffaa geejjibni hin jiru, lammaffaa bakka hospitaalaa kanattis namni waan baayyatuuf dhibee dabalatatu na qaba jedhee waanin sodaadhuuf amma deemuu dhiiseera," jedhu. Dhukkuba sukkaaraa qaban yaalamuuf hospitaalati akka deddeebi'an kan himan namni BBC'n dubbise kan biraa Obbo Simee Gaarradoo, dhibeen koronaavaayirasii dhufe namoota dhukkuba cimaa akka keenyaa qaban akka dagataman godheera jedhu. " Namni akka kiyyaa sukkaara qabu, kanneen dhiibbaa dhiigaafi dhukkuba onnee qaban erga koronaavaayirasiin kun dhufee rakkoo keessa galle. Hospitaalonni kan xiyyeefannoo kennanii hojjechaa jiran dhukkubuma haaraa kana. Geejjibni rakkoodha, yoo dhaqxes tajaajila gahaa hin argannu" jedhu. Mootummaan koronaavaayirasii qofarratti xiyyeefachuu osoo hin taane yoo warra akka keenyaa kanas dagate namni hedduun miidhamuu dandaha yaaddoo jedhus qabu Obbo Simeen. "Ani amma qoricha hakiimni yeroo kaan naaf ajeju sanan faarmaasiidhaa bitadhee fayyadamaa jira. Mana yaalaa dhaquun baayyee nayaaddessa. Sababnisaas bakka akkanaa kana deemee dhibeen koronaavaayirasii kun yoo na qabe carraa irraa hafuullee waanin hin qabneef," jedhan. Koronaavaayirasii caalaatti sababa qorichaafi hordoffii gahaa hin qabneef dhiphina keessa gallee dhukkubni keenya nutti hammaachaa jiras jedhan. Erga dhibeen Koronaavaayirasii kuni dhufee gaafa beellamni isaanii gahu bilbilumaan akka hordofamanii fi qaamaan gara hospitaalaa akka hin deemne gorfamanis kunis rakkoo biraa qaba jedhu Obbo Gaariin. " Gaafa beellama keessanii bilbilumaan waan irra jirtan isin hordofna nuun jedhan. Gaafa beellama keenyaa yoo bilbillummoo hin kaasan. Kanaafuu, manuma teenyee waan ta'u eegachaa jirra, " jedhan. Namoonni kunneen mootummaan bakka addaa itti yaala argatan yoo qopheesse malee adeemsi amma jiru rakkisaa ta'uu eeru. Hospitaala Shaashamnnee irraa kan dubbifne Dr. Nureddiin Lukee, erga tajaajilli Geejjibaa adda citee namootni dhukkuboota yeroo dheeraa ture qabaniifi qoricha yeroodhaan hordofan mana yaalaa dhufuun haalaan hir'ateera jedhu. " Namoonni dhibee akkanaa qaban bakka hedduutti mana yaalaa dhufuu hir'isaniiru. Namni dhibee akkanaa qabu sodaadhaan yoo qoricha addaan kutummoo dhibeen daran itti hammaata. Kanaaf, namoota akkanaatiif haalli geejjibaa mijachuufii qaba," jedhan. Namoota akkanaatiif qoricha ji'oota dheeraaf itti fayyadaman kennameefii manumatti akka of eegannoon turan gochuunis fala kan biraati jedhu. Gara fuuladuraatti weerarri koronaavaayirasii kun yoo hammaate hospitaalonni yaala dhibee kanaarratti qofa waan fuullefataniif namoonni dhibee akkanaa qaban rakkoo keessa seenuu maluu sodaa jedhus qabu Dr. Nureddiin. Yeroo ammaa sodaa koronaavaayirasiitiin lakkoofsi dhukkubsattoota mana yaalaa dhufan kan biraayyuu haalan hir'achuus himu. "Yeroo ammaa hospitaalonni baayinaan duwwaa tahaa jiru. Kan duwwaa tahaa jiraniif namni dhukkubsate jiraachuu dhiisetii miti. Geejjibni hin jiru. Sodaan koronaavaayirasiidhaanin qabama jedhanii hafuutis ni mul'ata. Kutaan daa'immaniifaa haalan hir'ate. Kanaaf, manuma keessatti rakkoon ummama jira jechuu nama dandeesisa," jedhan. Hogganaa Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa kan tahan Dr. Mokonnin Fayyisaa gamasaaniin, namoota dhibeewwan yaala daddeebi'uu qabaniif yaaliin kan duraarraa hir'isne hin jiru jedhu. "Akka hospitaala keenyaatti namoota dhibeewwan sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa, akkasumas deddeebiin yaalamuu qaban akkuma idileetti kennaa jirra. Namoonni sodaa dhuunfaa isaanitiin manatti hafuurra, dhufanii yaalamuu qabu," jedhan. Deddeebii gara hospitaalaa hir'isuuf beellama dheeressaa akka jiraniifi qorichootas kan yeroo dheeraaf itti fayyadaman kennaa jiraachus himu. Qorichoota dhiheessiin isaanii xiqqaa ta'erratti garuu yeroo dheeraaf kennuu akka hin dandeenyes himu. Hospitaala keessattis bakki namoonni dhibee Koronaavaayirasiidhaan shakkaman itti yaalaman yaala kaanirraa fageesinee waan jirruuf namoonni ofeeganoodhaan sodaa malee yaala fayyaa isaanii hordofuu akka itti fufuu qabanis dhaamaniiru.
oduu-53384766
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53384766
Sudaan waggoota 30 booda seerota ciccimoo bu'uura Islaamummaa qaban fooyyeessite
Seera cimaa bu'uura amantii Islaamaan labsame kan namootni musliima hin taanelle alkoolii akka hin dhugne dhorku, akkasumallee kan amantii dhiisuu dhorku ganna 30 booda haqxee jirti.
Bulchiinsa Omar al-Bashir kan biyyattii bu'uura seera Islaamummaan bulchaa ture jalatti alkoolii dhuguun nama kamiifuu dhorkaa ture. Akkasumas namni amantii dhiise dhagaan tumamee akka ajjeefamu taasifama ture. Seeronni kunneen haqamanii jiru. Adabbiin uummata duratti uuleen dhaanamuus akka haqamu murtaa'ee jira. ''Sudaan keessatti seerawwan mirgoota namoommaa sarban hunda ni haqna,'' jedhaniiru Ministirri Haqaa Naasraddiin Abduulbaarii. Qabiyyeen seerawwan fooyya'an kanaa torban darbe keessaa kan ragga'e yoo ta'u, ifatti kan uummataaf himame reefu. Kana malees biyyattiin dhaqna qabaa dubartootaas seeraan dhorkitee jirti. Seera haaraa jalatti dubartoonni ijoollee isaanii waliin imaluuf akka kana duraa hayyama dhiiraa isaan hin barbaachisu. Fooyya'insi seeraa kun qaama riifoormii erga pireezidantiin ganna hedduuf biyyattii bulchaa ture Omal al-Bashir mormii uummataan aangoo irraa ka'anii booda eegaleeti. Seerri dhugaatii alkoolii haaraan maali? Lammileen biyyattii musliima hin taane dhugaatii alkoolii dhuguu danda'u, garuu ammoo dhorkaan amantoota Islaamaa irraa ture akkuma jirutti tura jedhan Obbo Abdulbaariin haasaa TV irratti taasisaniin. Kanneen musliimaa hin taane yoo nama musliima waliin osoo dhuganii argaman ammas ni adabamu jedhan aanga'aan kun akka Sudaan Tiribuun gabaasetti. Mootummaan mirga namoota musliima hin taanee kan baay'ina uummata biyyattii %3 ta'anii eeguudhaaf tarkaanfiin kun fudhatame jedhaniiru. Amma alkoolii dhuguu qofa osoo hin taane, gara biyya keessaa galchuun daldaluus ni danda'u jedhameera. ''Loogii bulchiinsa duraan raawwatamaa turan kamuu haquudhaan walqixummaa lammiilee gara fuulduratti adeemsiisuu fi jijjirama dimokiraasii jabeessuuf hojjenna'' jedhan. Seeronni kunneen jalqaba Ebla keessa kan raggaasifaman yoo ta'u, garuu hojiirra kan olfaman ammaa eegalee akka ta'ee gabaasaan BBC Mohaammad Osmaan Kaartuum irraa gabaaseera. Jijjiramoonni taasifaman kan biraa maali? Amma dura namni musliima ta'e amantii isaa yoo dhiisee ykn geeddarate murtee du'aatu itti murtaa'a ture. Bara 2014 dubartiin Mariyaam Yaahyaa Ibraahim jedhamtu, dubartiin ulfa turte, sababii abbaa warraa kiristaanaatti heerumteef fannifamte akka ajjeefamtu itti murtaa'ee ture. Haa ta'u malee baqattee biyyaa bahuu dandeessee jirti. Seerri adabbii namoota amantaa dhiisan uummata duratti reebuu ykn dhaanuu hayyamus haqameera. Bulchiinsa al-Bashir jalatti sababii balleessaa adda addaatiif poolisiitni ummata fuulduratti namoota garafuun adaba turan. Amma garuu adabbiin kun haqameera. Kana malees seerri cimaan haala dubartiin itti dubbattuufi ummata fulduratti itti uffatuu to'atu Muddee keessa kaafameera. Bara 1980n keessa seerawwan bu'uura Islaamaa qaban ciccimoon labsamuun isaa wal waraansa bara dheeraa booda walabummaa Sudaan Kibbaa fide. Uummanni Sudaan Kibbaa kan irra caalaan isaanii hordoftoota amantaa Kiristaanaa ykn hordoofta amantaa aadaati.
oduu-47026668
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47026668
Lukkuuwwan killee qoricha farra kaansarii buusan
Qorattoonni lukkuuwwan killee dhukkuboota walargaa lafee ('arthritis') fi kaansariitiif qoricha ta'an akka buusaniif qorannoodhaan argachu beeksiisan.
Lukkuuwwan kunneen qaccee sanyii namaa akka killee qorichummaaf barbaachisan buusuuf danda'an. Qorichoonni kunneenis kanneen warshaadhaan omishaman irraa yeroo 100n rakasa jedhameera. Qorannoonni kunneenis yeroon boodas omishinni killee qorichaa kun baayyina gabaaf dhiyaatuittu akka baayifamu danda'u amanu. Lukkuwwanis yoo beeladoota qonnaa biraatiin walibiratti ilaalaman kan hin hubamne ta'u Dr Lisaa Heroon Edinburiitti teknolojistiin Roslin ni himti. ''Dallaa baayyee bal'aa ta'e keessa jiraatu. Guyyaa guyyaanis teknolojistoota baayyee leenji'aniin kunuunsii taasifamuufiin haala mijataa keessa jiraatu. ''Lukkuuwanifis akkuma waan killee umamaa buusaniiti. Karaa kamiiniyyuu fayya isaanitiif dhiibbaa hinqabaatu. Kaakkisanii killee buusuudhuma.'' Kana duras saayintistoonni ree'oota, illeentii fi lukkuuwwan qorannoodhaan fooyyeefamuun akka qorichi pirotiiniif fayyadu aannan isaanii keessatti ykn killee saanii keessatti omishuun akka danda'amu mul'isanii ture. Qorattoonnis argannoon isaanii haaraan kan duraa caalaa baayyee gaarii, kan bu'aa fooyya'aa argamsiisee fi kan duraa caalaa gatiidhaanis gaarii ta'u himu. ''Omishni lukkuu irraa argamu eessattu kan warshaa irraa harka 10 -100tiin rakasa ta'u danda'a. Kanaafuu, walumaagalatti akka kan waraatiin gadii yeroo 10n rakkasa ta'u abdataa jirra,'' jedha Dr Heroon. Killeewwan kunneen qabiyyee qorichaa laaboraatoriiwwan keessatti omishaman gadii yeroo 10n rakasu qabataniiru Gatiin hir'achuun irra caalaa kan dhufees bakka lukkuuwwan jiraatan ijaaruu baafamuuf kan qulqullina kutaa oomisha warshaa eeguuf baafamuun gadii taa'usaati. Dhukkuboonni baayyenis sababii qaamni umamaan kemikaalaa ykn pirotiinii ta'ee omishuu hin dandeenyeefiidha. Dhukkubboonni akkasiis qorichoota pirootiiniiwwan hirata kanneen qabaataniin to'atamu danda'u. Qorichoonni akkasiis kubbaaniyoota qoricha omishaniin omishamaa kan turanii fi omishuudhaafis baayyee mi'aa dha. Dr Heroon fi hirriyyoni isaanii qaccee sanyii ilamaan namaa itti galchuudhaan; akka pirootinii ilmaan namaa omishan taasisuun, gatiin isaa akka rakasu taasusuu danda'aniiru. Kunis qaama (DNA) lukkuun akka killee keessa isa adii omisha isaan dandeessisu keessatti pirootiin ilmaan namaa galchuun kan raawwatameedha. Waakkaa malee Cabsuudhaan erga wiirtuu killee (waakkaa) isa adiin adda baafameen booda, lukkuun qabiiyyee pirootiin caalaa qabaachusaa akka argatan Dr Heroon ni dubbatu. Garichiis gosawwan pirootiin sirna 'immune'tiif caalaa barbachisan irratti xiyyeefate. Tokkonsaa 'IFNalpha2a' kan jedhamu yoo ta'u, inni farra vaayirasii fi kaansarii cimaa kan qabuudha. Inni lammaffan ammoo 'macrophage-CSF' kan jedhamu yoo ta'u, tishuuwwan hubaman deebii'anii akka lellisuuf qoricha gargaaruudha. Kileewwan sadiif qoricha doozii tokko omishuuf gahaa yoo ta'u lukkuun ammoo waggaatti hanga killee 300 buusuu dnadeessi. Kanaafuu lukkuuwwan gahaadhaan killee hanga gaabaadhaa ta'uu omishuun akka danda'amu qorattoonni ni abdatu. Guddinni qorichoota fayyina ilamaan namaa fi barbaachisuummaan daangaawwan too'annoo waggoota 10- 20 jidduu fudhachu danda'a. Qorattoonni kunnenis lukkuuwwanitti fayyadamuun fayyaa beeladootaafis qorchi oomishuuf abdataa jiru. Kunis qoricha 'antibiotics' bakka bu'uun beeladootiin qonnaa akka sirna 'immune' isaanii cimfatan gargaaruu kan hammatudha. Kunis balaa akka raammoowwan cicimmoo haaraan qoricha 'antibiotics' mo'atan akka hin umameeneef ni hirisa jedhameera. ''Fakeenyaafis, kanatti fayyadamuun beeladoota manaa tiruu fi kaleen isaanii miidhame akka deebii'ee fayyuuf itti fayadamuu ni dandeenya. Qorichoon ammaan tana jira baayyee kan qaala'an yoo ta'u, kanaafuu suutaa wal jalaan geedaru akka dandeenyu amana,'' jedhu Dr Haaroon. Institutii Yunivastiitii Edinburgh's Roslin irraa Profeesar Heelen Saang gama isaanitiin, ''namootaaf ganaa qorichicha omishaa hinjirru, garuu qorannoon kun lukkuuwwan pirotiiniiwwan qorichaaf ta'ani fi 'biotechnology' keessatti gumaatawwan biraa omishuudhaaf akka dandeessisan qoranichi adda baaseera.''
oduu-51425264
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51425264
Isaayaas Afawarqii: "Laft Eeritiraa kan hin deebi'iin hafee diddaa TPLF'tiin''
Pirezidaantiin Eeritiraa Isaayaas Afawarqiin gaafiifi deebii TV biyyattii waliin kaleessa taasisan keessatti waa'ee walitti dhufeenya biyyi isaaniifi Itoophiyaafi biyyoota ollaa kan biroo waliin qabdu irratti bal'inaan haasa'aniiru.
Pirezidaanti isaayaas Afawarqii Haasaa isaaniin kanaanis sababii waldhabdee Itoophiyaafi Eertiraa kan ta'ee waa'ee gaaffii dangaa keessattu gaaffii biyyattii Baadimarratti waliigalteen akka hin raawwatamneef gufuun TPLf dha jechuun komataniiru. ''Lafti qabeenyaa Eeritaa deebii'u kan dadhabeef diddaa TPLF'tiin,'' jedhaniiru Pirezidaanti Isaayaas. Waligalteen nageenyaa Eeritiraafi Itoophiyaa dhimma daangaa waggoota 20'n darbaniif tureef furmaata ni kenna jedhamee eegamuu ilaalchisuunis, ejjannoo TPLF daangicha ilaalchisuun fudhatan komataniiru. ''Yaadni ministirri Mummee Abiyi dubbatan osoo hojiirra hin ooliin dura haalli daangaa Baadime akkuma arginu kan duri caalaa sadarkaansaa haala cimaarratti argama.'' ''Murteen seeraa kennameera. Haaluma murtee kanaanis lafti biyyattii gara keenyaatti daangeeffamu qabaata ture. Amma garuu kun hindanda'amne,'' jedhaniiru. ''Maaliif hin deebiine kan jenne yoo ta'e, gamtaan kisaare (TPLF) gama tokkoon dhimma daangaa akka dhimma dorsisaatti, gama biraan ammoo akka mata duree tirgaatti waan qabateef, waggaa tokkoofi walakkaa keessatti dhimma Baadimee irratti maal hojjannee yoo jedhame, gabaabumatti osoo gadi fageenya keessa hin galiin gabaabumatti sadarkaa cimaa keessa galleera,'' jedhaniiru. "Ammayyu lafti sabab waraanaa turte Baadimmeen qoqqoodamtee hiramaa jirti,'' kan jedhan pirezidaantichi kun ammoo rakkoo daangaa tureef furmaata waaraa akka hin kennineefi tahuu himan. ''Lafti Eertiraaf murtaa'e eenyuuf qoodamaa akka jiru odeeffannoo qabna.'' MM Abiy Ahmad dhimmi daangaa kanaa ilaalchisee waliigaltee Aljeersi akka fudhatan himanis TPLF ejjennoo isaanii ifatti hin ibsine. Haa tahu malee MM Abiy erga waliigalticha fudhachuu ibsanii waggaa tokkoon booda illee furmaata itti kennuuf waan hojjetamaa jiru ifatti wan mul'atu hin jiru. Ertiraaf lafti Baadimmeetii murtaa'e ammayyuu harka Itoophiyaati kan jiru. Harka keenya marannee hin teenyu Hariiroo Itoophiyaa waliin qaban ilaalchisee pirezidaanti Isaayaas yoo dubbatan, ''dhimma Baaddimmee irratti qofa daanga'uu dhiisnee karaa hundumaan iyyuu jijjiirama gama Itoophiyaan dhufe ni deeggarra,'' jedhan. ''Karaa nagaa hojjettee kan fidduu malee akka 'manna' waan Samii irraa buustu miti'' kan jedhan pirezidaantichi Itoophiyaa waliin deeggarsa karaa nagaa jalqabame cimsanii hojjechuun rakkinicha furuuf akka itti fufan himaniiru. Amma Itoophiyaa waliin waliigalteen nageenyaa jalqabame hojii guddaa kan gaafatu tahuu himanii jijjiiramni siyaasaa Itoophiyaa keessatti raawwatu kamiyyuu akka biyya ollaatti qofa osoo hin taane kallattiin Eertiraas waan miidhuuf, '' harka keenya marannee hin teenyu,'' jedhan. Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waraanni dhaloota sadii oliif gaggeeffame kan hiika hin qabne'' akka ture himanii waraanichas humnootni alaa wal xaxaa akka taasisanii tures himan.
oduu-41861609
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41861609
Suuraalee Afriikaa keessaa: Onkololeessa 27-Sadaasa 2 2017
Filannoo suuraalee babbareedoo Afriikaa fi lammiilee Afriikaa ardiiwwan biroo keessaa dabalatee, kan torban kanaa.
Konkolaataana Vols Vaagan 'Biitl' jedhamuun beekamtu iddoowwan baayyeetti hin mul'attu. Suuraa Rooyitarsiin gaafa Jimaataa maxxanfameen, namichi tokko konkolaataa isaanii kan bara 1977 kanarra taa'anii suuraa ka'an. Jabinaa fi rakasa tahuusaa guddoo jajaniiru. Gaaf tokko tokko gargaarsa xiqqoo barbaadda taha. Mucaan kun qormaata Mana Barnoota Sadarkaa 1ffaa Kibooroo, Naayiroobitti qoramuun dura kadhachaa jira. Keenyaa iddoowwan garagaraatti filannoon irra deebii qalbii namoota hedduu qabatee ture. Wiixata dabarsine namoonni kunneen Kisuumuutti waan tahaa jiru hordofuuf TV ilaalaa turan. Gaafa Kamisaa ammoo, arstistiin tokko fakkii Maangaa jedhamu magaalaa guddoo Libiyaa, Tiripoolitti kaasaa turte. Gumiin namootaa fakkii akkasii kaasuu jaalatan kan jalqabe ALA 1970ta keessa, Saan Diyeegootti. Biyya Masriitti ammoo, namoonni kumaatamaan lakka'aman kilaba biyyasaanii kana tahe Al Ahiliin ennaa leenji'u daawwachuuf dirree galan. Kilabni isaanii kunis xumura Chaampiyoonaa Liigii Afrikaa irratti hirmaachuuf gara Morokootti imalu. Haatahu malee, deeggartoonni kunniin osoo leenjicha hin ilaalin dura haqamee, otoo waa hin argin deebi'an. Ayivoorii Koostitti, gaafa Wiixataa, dubartiin mala aadaatiin kokonaata irraa zayita baafti. Zayinni kokonaatarraa bahu, waa hedduuf tajaajila. Akka saamunaafi akka boba'aattillee oola. Mootummaan biyyattis, ALA 2020tti oomisha isaa gara toonii 600,000 guddisuuf karoorfateera. Kun waan nama bohaarsu miti jechuu dandeessa. Dorgomtoonni Liibiyaa kunniin garuu guyyaa Sambata Duraa isaanii fiigicha gufachiisaa km4 akkasii fiiguun dabarsuuf filatan. Kunis shiboo jala ciisanii darbuu ofkeessaa hammata. Haala faallaa ta'een, namoonni bidiruurraa kunneen dorgommii marsaa 3ffaa Clipper Round The World Yacht Race jedhamu kanarratti yeroo gaarii waan dabarsaa jiran fakkaatu. Magaalaa Afrikaa Kibbaa, Keep Taawon irraa gaafa Kibxataa ka'an. Karaarrattis dambaliin buubbee makate haga meetira 24 ol dheeratu isaan mudachuu danda'a. Ijoolleen kutaa biyyaa Kaasaay, Rippablika Demokraatawaa Koongoo keessaa kunneen, jijjigaa gamoo kana keessatti taphachaa jiru. Naannoon kun waldhabdee barootaaf ture kanaan guddoo miidhamte. Dhumarrattis, magaalaa guddoo Rwaandaa Kigaaliitti, taphataan kirikeet Ingiliiz duraanii Mikaa'eel Voogaanii fi taphtaan Afrikaa Kibbaa duraanii Herschelle Gibbs gaafa Sambata Duraa taphatan. Suuraaleen AFP, EPA, PA fi Reuters irraa argaman
oduu-45900477
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45900477
Itoophiyaa: MM Dr Abiy Ahimad torban dhufu Awurooppaatti qajeeluuf
Itoophiyaan gaanfa Afriikaatti nageenyi, tasgabbii fi wal amantaan akka jiraatuuf hojjechaa jirti jedhan dubbi himaan ministeera dhimma alaa Obbo Mallas Alam.
Gama dippiloomaasii biyyoota ollaatiin ministirri dhimma alaa Dr Warqinah Gabayyoo ministira dhimma Alaa Eertiraa Usmaan Saaleh walin ta'uun daawwanaa Somaaliyaatti taasisanin, dhimma waliigaltee biyyoonni sadan Eertiraatti walii mallatteesan irratti angawoota Somaaliyaa waliin mari'ataniiru. Marii kanaan boodas biyyaaleen sadan tasgabbii fi nageenya bu'aa diinagdee fi misoomaa fiduu irratti waliin hojjechuuf waligalaniiru jedhan. Fooyya'iinsa nageenyaa fi diinagdee mootummaan Somaaliyaa taasisu deeggaruufis biyyoonni kunneen waliigalaniiru. Jijjiirama waliigalaa Itoophiyaa keessatti taasifamaa jirun walqabatee biyyaaleen heddu Itoophiyaa walin hojjechuuf fedhii guddaa agarsiisaa jiru kan jedhan Obbo Mallas daawwannaan preezidaantotni Slooveeniyaa fi Eertiraa akkasumas ministirri mummee Italy tibbana taasisan qaama hojii diplomaasii hojjetamaa jiru akka ta'e himan. Walgahii misooma diinagdee Turkitti taasifame irratti Itoophiyaan Afriikaa bakka buutee hirmaatte jedhan. Guyyaa har'aas preezidant Dr Mulaatu Tashoomaa gara Denimaarkitti ni imalu. Daawwannaa hoggantootni biyyaalee Itoophiyaatti taasisaa jiranin Itoophiyaan bu'aalee diinagdee fi diplomaasii argachaa jiraachuushee kan himan dubbi himaan ministeera dhimma alaa Obbo Mallas Alam jijjiirama biyya keessatti mul'atu deeggaruuf biyyaaleen heddu gaafii dhiyeessaa jiru jedhan. Gama diinagdeen immoo abbootiin qabeenyaa Italy Itoophiyaa keessatti akka hojjetanif waamicha akka dhiyyeessan ministirri mummee biyyattii waadaa galaniiru jedhan. Dhaabbileen idil addunyaas deeggarsa maallaqaa taasisuuf waadaa galuusaanii Obbo Mallas himan. Imala Awurooppaa Gama dippiloomaasii lammiileetin hirmaannaa lammiileen biyyattii qaban guddisuuf torbee itti aanu irraa eegalee ministirri mummee Dr Abiy Ahimad fi ministirri dhimma alaa Dr Warqinah Gabayyoo gara Awuroopaatti ni imalu. Affeerraa preezidaantii Firaans Emmanu'el Maakron fi chaansilara Jarman Angelaa Merkel taasisanif bu'uureefachuunis walitti dhufeenyi biyyaalee kuneen walin jiru akka cimuuf biyyaalee lamaan ni daawwatu. Onkololeesaa 21 Jarman Frankfartitti guyyaan Itoophiyaanotaa lammiilee biyyattii guutuu addunyaarraa walitti fiduun ni kabajama. Hirmaatootni 20,000 hanga 25,000 ta'an akka hirmaatanis ni eeggama. Ministeerri dhimma alaa sagantaa kun akka milkaa'uuf koree hundeessuun fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun qophii taasisaa jira. Lammiilee biyya keessa qofa jiran qabatanii hojjechuun nama hin milkeessu Kan jedhan Obbo Mallas lammiilee biyyattii biyyaalee garaargaa jiran miiliyoona sadi ta'an hirmaachisun dirqama jedhan. Sagantaan kun sochii biyyatti keessatti taasifamaa jiru hubachiisuu fi fedhii lammiilee biyyattii biyyaalee garaagaraa keessa jiran baruuf kan qophaa'e dha. MM Abiy hojiilee mootummaan hojjechaa ture fi rakkoolee mudatan irratti haasaa ni taasisu. Kana malees hirmaattotni gaafii fi yaada qaban MM Abiyif ni dhiyeessu jedhameera. Gama biraatin ministeerri dhimma alaa rifoormii taasisaa jira kan jedhan Obbo Mallas hojiin ramaddii hojjetootaa haaraan waajjira mummee fi waajjira misiyoonotaatti ni hojjetama jedhaniiru.
oduu-46678534
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46678534
Daa'ima sababa dhaqna-qabaan Xaaliyaan keessatti du'e
Xaaliyaan wiirtuu godaantotaatti dhaqna qabaan daa'ima ganna lamaaf taasifame hin milkaa'in hafe.
Dhaqna qabaa shaakalaa samuuda irratti adeemsifamu. Dhaqani qabaa seeraan ala adeemsifamu Xaaliyaan keessatti yaaddoo tahaa jira. Dhiiga sababa kanaan dhangala'eenis lubbuun mucaa darbeera. Obbooleessi daa'ima kanaas achumatti erga dhaqna-qabateen booda hospitaala naannoo Room jirutti bayyanachaa jira. Namni waggaa 66 ajjeechaa mucaadhaan himatamuu miidiyaaleen Xaaliyaan gabaasaa jiru. Xaaliyaannitti dhaqna qabaa 5,000 waggaatti adeemsifamu keessaa harka sadii kan caalu seeraan ala kan adeemsifamu tahuu dhaabbatni tola oolaa 'Amsii' jedhamu ibseera. Dhaabbatni miti mootummaa Arkii jedhamu immoo dhaqna-qabichi wiirtuu baqattotaa naannoo Monteroondoo jedhamutti akka taasifame himeera. ''Waan gaddisiisaa afaan nu qabsiise dha'' jedheera dhaabbatichi ibsa Facebook irratti baaseen, gochichaaf namoota itti gaafatamoo tahanirratti poolisiin tarkaanfii fudhachuus himeera. Ijoolleen kunneen haadha lammummaa Naayijeriyaa qabduu irraa bara 2017tti dhalatan. Akka miidiyaaleen gabaasanitti haati kuni ofii ishee amantii Kaatolikii kan hordoftu yoo taheyyuu mucaanshee sirna dhaqna qabaa Islaamaa akka dhaqna qabatu gaafatte. Poolisiin nama dhaqna qabicha raawwate seera-qabeessummaasaa gaafateera. Namni dhimma kanaan wal-qabatee to'annoo jala oole lammii Ameerikaa dhalootaan Liibiyaa ta'edha jedhameera. Kantiibaan magaalaa Monteroondoo, Antooniyoo Lupii ''gadda kana hin jedhamne dha'' jechuun miidiyaaletti dubbataniiru. Tajaajilli Dhaqna-qabaa dhaabota fayyaa uummataa Xaaliyaan keessatti ni kennamu. Dhaqna qabaa kilinikoota dhuunfaatti adeemsisuuf doolaaar 1000-3000 olii akka barbaachisu barbaachisu Amsiin ibseera. . Kanaafis namooti harka-qalleessa tahan qarshii hanga doolaara 50tti namoota ogummaa hin qabne bira deemuuf dirqamu jedheera.
oduu-43625049
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43625049
Kolombiyaatti hidhamtoonni erga eegduu macheessanii booda baqatan
Hidhamtoonni hidhaa cimaa jala turan lama Magaalaa guddoo Kolombiyaa, Bogotaatti egdduu mana hidhaa obaasuun erga amansiisanii booda alkoolii binnee deebiina jechuun bahanii badaniiru.
Manni hidhaa Kolombiyaa suuraa hidhamtootaa lamaa Sanbata baqatani gadhiiseera. Hidhamtoonni lamaanis gonkumaa kan hindeebii'iin yoo ta'u polisiin wayita ammaa kanatti isaan admsaa jirra. Hiyiyyoonni eegdduu mana hindhaa Laa Pikotaa akka jedhanittis afurrii isaa alkoolii kan urgaa'u yoo ta'u, qoranno afuraatiif diduusaa himaniiru. Daarektarri mana hidhaa akka jedhanitti sakkatta'insii irra deddebiin taasifamulleen omishini alakoolii manatti omishamuu mana hidhaa keessatti kan barameedha. Jarreen lamaan bahanii badan kunnenis Jhoon Gutirez Rinokoon rebe loltuu gocha ukkaamsaa bara 2003'tiif kan waggaan 40 itti murtaa'eefi Olmedo Vaargaas kan dhiheenya garee rebe loltoota Farc irraa adda citeefi garuu hanna raawwateef murtee eegachaa tureedha. Bulchitoonni mana hidhaas caasaa mana hidhaa kam irrattiyyuu miidhaa kan hinagarreefi haala eegduun ittiin isaan gargaare baasu irraatti hojachaa turusaanii ibseera. Kunis taatee jecha eegduu biraa kan osoo hidhamtoonni lama egdduu tokkoo dhugaatii obaasuun erga amansiisanii booda akka alkolii biraa bitachuu deebii'an itti himu argu kan dubbate walin walitti dhufeera. Gaaffiifi deebii afaan Ispaanshiitiin raadioo FM Kolombiyaa waliin taasifameen, daarektarri mana hidhaa kolaneel Jarmaan Ricaurtee akka jedhanitti, ''hirinni oggummaa, hirinni naamusa ogummaatiin kan qondaalli keenya tokko dambii nageenyaa cabsuun akka baqataniif mijeesseef.'' ''Dadhabii qondaala kanaa jechuunis alkooliidhaan isa gowwomsuun hidhamtoonni kunneenis akka bahaniif isarratti olaantummaa argachuun baqatan jechuudha,'' jechuun ibsaniru.
oduu-48346871
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48346871
Uggurri Huwaei akkamiin isin miidha?
Uggurii mobaayiloonni Huwaei sirna 'Android operating system' akka hin fayyadamne kaa'ame maamiltoota kaampaanii Huwaei irraatti dhiibbaa qaba.
Kaampaniin Chaayinaa kun sadarkaa addunyaatti warra gurguddaa keessaa tokko Keessaahu mobaayilii haaraa Honor 20 jedhamuu dhiyeenya kana kaampaanichi Landanitti eebbisiise irratti rakkoo guddaa uumuu mala. BBC'n akka hubatetti bilbilichi 'Google app store' kan aaplikeeshinoota fe'achuu nama dandeessisu dabalatee tajajailoota sirna Android hunda hojjechuu mala. Haa ta'u malee wal diddaan mootummaa Ameerikaa waliin jiru furamuu baannaan kanneen fuulduraaf gadi dhiifaman tajaajiloota muraasa qofa kennu. Dhaabbanni Ameerikaa Google hariiroo daldalaa kaampanii Chaayinaa Huwaei waliin qabu guutumaatti akka dhaabu murteessee jira. Kana jechuun garuu Huwaei'n guutummaatti sirna 'Android' hin fayyadamu jechuu miti, sababani isaas sirni Android pirojektii hawaasaaf banaa ta'e waan ta'eefi. Kaampaniin omishaa kamiyyuu akka isaaf ta'utti tolfatee itti fayyadamuu danda'a jechuudha. Garuu ammoo tajaajiloota hedduu sirni Android qabutti fayyadamuuf deeggarsa Google barbaadu. Dabalataan tajaajilootni sirna Android hedduun kan akka kuusaa apilikeeshinoota Google play, tajaajila iimeelii Gmail fi kanneen biroo hedduu hayyama Google barbaadu. Uggurri kun bilbiloota armaan dura turan akkamiin miidha? Namoonni bilbila Huwaei kan duriis ta'e Honor fayyadaman apilikeeshinii haaraa fe'achuufi kan dura fe'atan haaromfachuu irratti rakkoon isaan mudatu hin jiru. Sababni isaas al-tokko hayyamni kennameefi adeemsa 'Compatibility Test Suite' (CTS) fi 'Vendor Test Suite' (VTS) jedhamuun mirkaneeffamaniiru. Sababa kanaaf Google kallattiin Huwaei waliin osoo hin qunnamiin apilikeeshinoota haaraa akka argataniif akka haaromfatan gochuu danda'a. Haa ta'u malee haaromsawwan nageenya moobayilichaaf barbaachisaniin wal qabatan ilaalchisee rakkoon mudachuu danda'a. Bilbila tokko irra rakkoon nageenyaa ykn haleellaan warra cabsanii seenaniin (hackers) irra gahuu akka danda'u yoo baramu osoo ifa hin ta'iin baatii tokko dura Google kaampanotaaf koodii ergaaf ture. Kaampaanonni koodii kana fayyadamuun dursanii akkaataa haleellaa kana ittisuu danda'an irratti sooftiweerii hojjetanii maamiltoonni akka haaromfatan taasisu. Amma booda garuu aggaammii haleellaa nageenyaa kana Huwaei'n kan baru erga ifa ta'ee booda qofadha. Sababa kanaafi bilbiloonni Huwaei guyyoota muraasaaf saaxilamoo ta'uu danda'u. Huwaei'n haaromsa nageenyaaf barbaachisu fayyadamtota isaaf akka dhiyeessu waadaa galeera Bilbiloonni haarofti hoo? Bilbiloonni Huwaei amma booda omishaman garuu hin mirkaneeffaman, sababa kanaanis tajaajiloota Google argachuu hin danda'an. Kunis apilikeeshinoota Google warreen akka: Huwaei Android waliin hojjechuu akka filatu ta'us garuu ammoo akka filannoo biraatti 'operating system' biraa qopheessaa akka jiru BBC'tti himeera. Hanga yoonaa uggurri Gooogle Huwaei irra kaa'e hagam akka turu hin beekamne. Google hariiroo kaampaanii moobaayila omishu, Samsungitti aanee akka addunyaatti sadarkaa lammataa irra jiru kana waliin qabu adda kuta jedhame hin yaadamu. Akka Huwaei'n jedhutti namoota biliyoona walakkaa ta'antu bilbila isaanii fayyadama. Biiroon Indastirii fi Nageenyaa Ameerikaa Google hariiroo isaa kana akka itti fufu uggura kaa'ame kana haquu mala jedhamee eegama.
oduu-43876277
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43876277
Shakkamaan Toroontootti konkolaataadhaan namoota 10 fixe gaafatame
Poolisiin Kanaadaa namicha guyyaa kaleessaa kaaba Torontootti konkolaataa lafoo deemtotarra oofuun namoota 10 ajjeesee, 15 madeesse to'ataniiru.
''Nama itti dhufe hunda rukutaa ture,'' namoota balaa konkolaataa Torontoo ijaan argan Dargaggeessi waggaa 25 Alek Minassian aanga'oota biyyattii biratti nama akkaan beekamu miti, jedhu poolisoonni. Balaan sun ittiin yaadame raawwate, fedhiin duuba jiru garuu ifa miti, jedhu poolisoonni dabaluun. Ministirri Muummee Kanaadaa Justin Trudeau balaa suukanneessaa fi hiikamaleessa kanatti baayyee gaddeera jedhan. Poolisoonni nama yakka suukanneessaa raawwate kanarratti battalumaan dhukaasa otoo hin banin suuta jedhanii karaa nagaan to'achuusaaniis galateeffataniiru. Namni kun wayitameeshaa harkaa qabu poolisootatti aggaamee na ajjeesaa jedhee dhaadatullee televiziyoona biyyattii CBC irratti viidiyoodhaan mul'achaa ture. Poolisoonni eenyummaa namichaa fi badii inni balleesseef adabbii isa mudachuu malu irratti hojjechaa jiru
oduu-51071100
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51071100
Barnoota Olaanoo Itoophiyaa: Yunivarsitiiwwan Bulee Horaa fi Hawaasaatti lubbuun barattootaa dabre
Guyyoota lamaan dabran keessa Yunivarsiitiiwwan Bulee Horaafi Hawaasaatti barattoonni lama lubbuu dhabuusaanii yunivarsiitiiwwaan kunneen BBC'f mirkaneessaniiru.
Yunivarsiitii Bulee Horaatti hiriira barattootni waayee nageenya lixa Oromiyaa ilaalchisee yaaddoo fi mormii isaanii ibsuuf bahan qaamolee nageenyaa waliin walitti bu'uun barataan tokko yoo lubbuu dhabu, barattoonni kaan ammoo miidhamuu barataan maqaan isaa akka hin himamne gaafate hime. Kunis lakkoofsa barattootaa waldhabdee yunivarsiitiwwaniin lubbuu dhabanii diigdamatti kan siqu taasisa. Bulee Horaa Barataan Yunvarsiitichaa waggaa 3ffaa taheefi maqaan isaa akka himamu hin barbaanne, hiriira mormii mooraa Yunivarsiitii keessatti erga bahanii otoo xiqqoo hin turiin poolisoota mooraafi Federaalaatii marfamanii reebamuu hime. ''Maatiin keenya maal keessaa akka jiran quba hin qabnu. Miidhaa humna tikaa mootummaatin irra qaqqabu balaleeffachuuf hiriira nagaa baanee reebamne,'' jedha. Barataan waggaa sadaffaa mormii kanarratti hiriyootasaa wajjiin hirmaatu tokko rasaasaan rukutamee du'uusaa dubbate. Barattoonni walitti qabamanii dhaadannoo dhageessisuu akkuma eegalaniin barataan kun rasaasaan rukutamuus barataan kun nutti hime. Barataan lubbuu dhabe kun dhaloonni isaa magaalaa Dambidoolloo yogguu tahu, barattoonni biroo 8 ol mada'uus dubbateera. Odeessaalee walitti dhiyaatan kanneenillee dubbisaa: Hoogganaan hariiroo hawaasaa Yunivarsiitichaa obbo Daani'eel Seeyfuu, jeequmsa barattootni uuman jedhaniin lubbuun barataa tokkoo darbuufi barattoota 12 ta'an irratti miidhaan qaqqabuu BBC'f mirkaneessaniiru. Barattootni madaahan kan jiran yoo ta'u, barataan tokko lubbuun darbeera. Barataan rasaasan miila irraa dhahame tokko ammoo gara Hawaasaattii riifariin ergameera. Sochiin barattootaa humnaa ol ture. Barattootni sadarkaa meeshaa qaamolee nageenyaa butuutti deemanii ture. Samitti ol qabanii dhukaasaniis barattootni harkaan qabuuf yaalaa turan. Kun kan ta'e barattoota xiqqoodhaani jedhan. Barattootni karaa naga qabeessa miti mormii isaanii ibsuuf kan bahan. Dhagaa darbachuun foddaawwan doormii, kutaalee barnootaa fi laabii fa'a gocha mancaasuurra turan. Reeffa barataa rasaasaan ajjeefamee gara Qeellam Wallaggaattii gaggeessuu isaanii kan himan obbo Daani'eel, Yunivarsiitichi amma tasgabbiitti deebi'aa jiraa jedhan. Hawaasaa Yunivarsiitii Hawaasattis rakkoo nageenyaa dhalatee tureen barataan tokko waan qara qabuun waraaname lubbuun isaa darbuu Hoogganaan hariiroo Hawaasaa Yunivasriitichaa Aadde Armaayee Aseffaa BBC'tti himaniiru. Kamisa galgala keessa barataa waggaa tokkoffaa kan tahe Suraafel Saamu'el jedhamu koridara doormii keessatti kufee eegdotaan argamuufi gara Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Hawaasaatti ergamuu dubbatu. Wayita argamutti lubbuun kan jiru yogguu tahu, haallisaa daran hammaataa waan turef lubbuun isaa dabarte jedhu. Ajjeechaa barataa kanaan kan shakkaman barattoonni 44 tahan to'annoo jala ooluufi kanneen to'annoo jala oolan keessaa tokkoofi barataan du'e kun waldhabdee kan qaban tahus Aadde Armaayee dubbatu. Qorannoon akka agarsiisuttis barataan kun waan qara qabuun waraanamee du'e jedhu. Yunivarsiitiiwwan garaagaraa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti hokkora dhalatee tureen walqabatee Yunivarsiitiin Gondariifi Walloo tarkaanfii fudhataniiru.
oduu-54098071
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54098071
Afgaanistaan Taalibaan waliin marii nagaa 'seena-qabeessa' eegaluufi
Mariin nagaa yeroo jalqabaaf mootummaa Afgaanistaan fi garee Taalibaan jidduutti taasifamu Qaxaar keessatti Sanbata eegaluuf jedha.
Dhalootni Afgaan sadi dhukaasa boombii keessa jiraatan - nagaan maal akka ta'e kan hin beekne hedduudha. Marii kanarratti argamuuf gara Dohaa kan imalan Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Maayik Pompewoo marichaan 'seena-qabeessa' jedhaniiru. Mariin kun waliigaltee nageenyaa Ameerikaan Guraandhala darbe Taalibaan waliin taasifte hordofuun kan gaggeeffamudha. Marichi yoo milkaa'e waraana waggoota afurtamaa ol lakkoofsisetti xumura gochuu danda'a jedhamee abdatama. Jili mootummaa Afgaan Jimaata Fulbaana 11 ture gara Dohaa kan imale. Guyyaan kun waggaa 19ffaa haleellaa 9/11 namoota hedduu galaafate kan Ameerikaarratti raawwatamerra oola. Haleellaa kana hordofuun ture bulchiinsi Taalibaan kan dhumate. Jila Taalibaan kan dursu Abdullah Abdullah, "waliigaltee nagaa sirrii taa'ee fi kabajamu" fiduu barbaadna jedhan. Hidhamtoonni isaanii namni jaha erga gadhi dhiifamanii booda gareen Taalibaanis marii kanarratti akka hirmaatu Kamisa beeksisee ture. Maricharraa maaltu eegama? Mariin kun kallattiin qaamolee lamaan jidduutti yoo mari'atamu kun kan duraati. Hidhattoonni Taalibaan amma dura mootummaan Afgaan aangoo hin qabu, ergamtoota Ameerikaati jechuun waliin dubbachuu didaa turan. Gareen lamaan araara siyaasaa buusuun waraana bara 1979 weerara Sooveet Yuuniyen hordofee eegaletti xumura gochuu yaadu. Mariin kun Bitootessa keessa eegaluuf karoorfatamee ture. Haa ta'u malee hidhamtoota wal jijjiiruurratti wal diddaa tureen harkifate. Marii kana eegaluuf waggaa tokkoo ol kan fudhate yoo ta'u, waliigalteerra gahuuf salphaa akka hin taane tilmaamama. Namoonni hedduun adeemsa marii kanaa keessatti foyya'insi gama mirga dubartootaan argame duubatti deebi'uu mala yaaddoo jedhu qabu. Marichi garee Taalibaaniif qormaata ta'u hin oolu. Sababni ammoo mul'a qabatamaa ta'e Afgaanistaaniif qaban akka dhiyeessan gaafatamuu malu. Gareen amma dura mootummaa 'Islaamaa' ijaaruu fi mootummaa 'hundaa hammatu' ijaaruu yaada ifa hin qabu. Loltoonni Taalibaan kan bara 1990moota keessa seera Shari'aa jabeessanii itiin bulchaa turan amma mariif qophaa'uun hagam akka jijjiiraman akeeka. Hidhamtoota Taalibaan mana hidhaa mootummaa Afgaan keessaa wayita bahan Bitootessa darbe Ameerikaan Taalibaan waliin waliigaltee kan mallatteessite yoo ta'u, innis Ameerikaan waraana ishee hunda akka baastu, gareen Taalibaan ammoo al-Qaayidaa dabalatee shororkeessitoonni naannoo isaan to'atan keessa akka hin sochoone gochuudha. Taalibaan fi mootummaan Afgaan marii kana dursa hidhamtoota walii gadi dhiisuu akka haal dureetti kaa'anii turan. Hidhamtoota Taalibaan akka gadhiifaman feedhu keessa ajajoonni waraana haleellaa lubbuu namaa galaafate keessaa harka qaban dabalata. Mootummaan Afgaan warra nama ajjeessan hin hiiknu jedhee waan dideef marichi haga ammaa ture. Hagayya darbe mootummaan Afgaan hidhamtoota Taalibaan 400 ta'an gadi dhiiseera. Taalibaan eenyu? Waggaa 19 dura wayita haleellaa 9/11 Ameerikaa irratti raawwate Taalibaan Afgaanistaan bulchaa ture. Yeroos haleellaa sanaan kan dheekkamte Ameerikaan waraana ishee garas erguun tumsa idil addunyaatiin Taalibaan aangoorraa buufte. Seenaa Ameerikaa keessatti waraanni Afgaan isa dheeraadha, waggaa 19 oliif itti jirti Gareen aangorraa buufame Taalibaan finciltoota ta'uun loltoota Ameerikaa fi mootummaa Afgaan ergasii hundaa'e irratti haleellaa raawwachuu itti fufan. Tumsi idil-addunyaa waraana biyyoota adda addaa irraa ijaarama hanga bara 2014 Taalibaanii fi gareelee shororkeessitootaa kaaniin lolaa ture. Waraana kanarratti Ameerikaan loltoota 2,400 ol yoo dhabdu, UKn loltoota 450 ol itti wareegde. Gabaasni yuunivarsitii Biraawon Sadaasa bara 2019 baase akka jedhutti lammileen nagaa 43,000 waraana kana keessatti ajjeefamaniiru. Loltoonni mootummaa Afgaan 64,000 akkasumas loltoonni Taalibaan 42,000 ajjeefamuus hima gabaasichi. Ameerikaan bara 2014 boodas waraana kanarraa qooda fudhachuu itti fuftellee, Taalibaan jabaachaa naannolee hundas to'annoo isaa jala halchaa dhufe.
oduu-53317994
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53317994
Roobootii yeroo namoonni mana turanitti hojiirra ture
Roobootiin paawundii kuma 100 baasu kun sagantaa teeknooloojii ofirraa qabuun kan hojjetu akka ta'e himama.
''Sagantaa irratti fe'ameen waan hojjetuuf mana kiyya taa'ee ajajuun danda'a,'' jedha qorattoota keessaa tokko kan ta'e Beenjaamiin Bargar. Akka saayintistoonni kunneen jedhanitti, roobootiin kun waan namni tokko hojjetu dachaa 1,000'n dalaguu danda'u. Dhaabbanni Rooyaal Soosaayitii oof Keemistirii jedhamu roobootii fayyadamuun wanta koroonaan booda ta'uu malu qorachuu akka barbaadu beeksiseera. Qorannoon kun koompiitaroota artefishaal intelijensi qaban fayyadamuun hojiin manaa akka hojjetamu gargaaruun alatti rakkoolee addunyaallee hiikuuf ni gargaara jedhanii yaadu. Saayintistoonni roobootii kunneen qorannoo koroonaavaayiras dabalatee kanneen biroos geggeessaa jira. Piroofeesar Aanduu Kuuppar roobootiiwwan gara laaboraatoorii isaaniitti galchuun qorannoowwan geggeessaa jiru. ''akkooleen idil-aadunyaa kan akka Covid-19, jijjiirama qilleensaa fi kanneen biroo jiru. Kaayyoon keenyas roobootiiwwan sammuu giddu-galaatiin walitti hidhaman fayyadamnee qorannoo taasisuudha. Amma yoonaatti kana gochuu baannus hin hafu.'' Yeroo saayintistoonni bakka hojiirraa fagaatanii qorannoo taasisuuf dirqaman kanatti, roobootiiwwan filannoo addaa ta'aniiru. ''Roobootiin hin dadhabu, hin nuffu, ganamaa hanga galgalaatti hojjeta, ayyaanaaf boqonnaa ba'uuf hin fedhu,'' jechuun qoosaa dubbatu Dr. Bargar. Qoosaan yeroo hafu, jedhu qorataan kun, roobootiin kun hojii namni yeroo dheeraa itti fudhatu dafee fixuun ani qorannookoo irratti akkan xiyyeeffadhu nataasiseera jedhani.
oduu-47367518
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47367518
Fayyaa: Ogganaa jibbuu fi sababoota dhukkuba onneetiif nu saaxilan shanan
Hundi keenyaa tamboon, garmalee furdachuu fi sochii qaamaa taasisuu dhabuun carraa dhukkuba onneetiin qabamuu akka guddisu ni beekna ta'a.
Dhimmooti isiin hinbeekne garuu kan onnee keessan miidhan jiraachu beektuu? T Garuu sababoonni kana dura dhageessanii hinbeekne kan biraas jiru. Akka ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti (WHO) dhukkubbiin ilkaanii dhiibeewwan addunyaa kanaa du'aatiif sababa ta'an keessaa tokko. Sababiiwwan dhukkuba ikaanii kanneen dhageessanii beektuu laata? 1. Qulqullina ilkaanii eeggachuu Ilkaan keenyaa fi onneen keenya kan nu yaadnuun caalaa walitti hidhaminsa qabu. Qorannoowwan heddunis namoonni rakkina fayyaa afaanii qaban caalaa dhukkuba onneetiif akka saaxilaman mul'isu. Dhiiguun ykn ididdiin/irgi dhukkubsatu akka baakteeriyaan dhiiga keessa galuuf carraa uumaaf. Isaan boodas qaama onnee dhiiga waraabu keessatti coomni akka umamu taasisa. Akkasumas tiruun akka protiinii sadarkaan saa olaanaa ta'e akka umu taasisuun hiddi dhiigaa akka dhukkubbiin itti dhagahamu sababii taa'u danda'a. Gubaatiin ykn dhiitii kunis dhukkuba onnee ykn dhiibbaa dhiigaaiif sababii ta'u mala. Fallii saa maaliidha ree? Ilkaan kirriidhaa yeroo hunda qulleessuun hakiima ilkaani bira dhuquus hin dagatiinaa. 2. Ogganaa keessan jibbuu Qorannoonn biyya Siwiidiin tokko hojiin cinqamuun dhukkuba onneen qabamuuf akka carraa dabalu mul'iseera Kuni qoosaa miti - ogganaa kee jibbuun fayyina onnee keetii ni balleessa. Qorannoon waggaa 10 f Siwidiiniitti gaggeeffame Barruu Wallaansaa Biritish keessatti maxxanfame tokko akka mul'iseetti, walitti dhufeenyi badaan ogganaa waliin bakka hojiitti qabaatamu namoota %40 ta'an akka dhibee onneetiin qabamaniif carraa ni dabala. ''Dhukkubbiin onnee irra caalaa dhiphina hojiin dabala,'' jedha Vijaay Kumaar hakimiin onnee Institiyuutii Fayyaa Onnee Orlaandoo (Ameerikaa). Dhimmoota gara biraa kan akka irriiba gahaa dhabuu, waliin walitti dabalamee balaan dhukkuba onnee akka dabalu taasisa. 3. Taatee Naasisaa Taatee naasiisaan dhugumatti onnee keessan ni cabsa Waan naasisaan kan akka du'aatii maatii fa'ii wayita dhagahamutti dhugumaati onnee keessan cabsu danda'a. Akka Waldaa Minopoos Ameerikaatti (American Menopause Society), hiddi dhiigaa dubartii jireenya ishee keessatti yeroo sadiifi isaan oliif taateewwan naasiisoo ta'an keessa dabarte, ishee omaa hinmudatiin wali biratti yoo ilaalamu fiixaan bahiinsa hojiitiin gadaanaatu taati. Oggeessi Onnee Jaakii Eunaanyi akka jedhuutti, dhibbannaa olaanaanis dhukkuba onneetiif sababii olaanaa ta'u mala. Kunis dhukkuba onneetiif sabab ta'usaatiin alattis dhiibbaa dhiigaa ol kaasa. 4. Kophummaan namatti dhagahamuu Loneliness can be very bad for your heart Barruun Wallaansaa Biritish kan biraa akka mul'iseetti, namonni walitti dhufeenya hawaasummaa gadaanaa qaban carraa dhibee onneetiin qabamu %29 kan qabanii fi dhiibbaa onneen qabamuuf %32 akka qaban hima. Sababiiwwan kanaaf saaxilan keessaa tokko qofummaa, dhibbachuu fi namoota miira isaanii tasgabbeessuuf kan isaan gargaaru hinqabne dha. Yunivarsitiin Oksifoordi qorannoo bara 2014tti maxxanseen dubartoota 700,000 irrati qorannoo gaggeesseera. Innis namoonni hiriyaa waliin jiraatan kanneen qofaanii jiraatanii irra carraa dhukkuba onneetiin du'u %28 gadii qabaatu. 5. Dhiphannaa Waldaan Onnee Ameerikaa akka jedheetti, biyyattii keessatti dhukkubsattoonni onnee %33 dhiphanaan qabu. Oggessoonnis namoonni dhukkuba sammuu qabanis murteewwan gaarii taasisuuf ni cinqamu ta'a jechuun tilmaamu. Nieca Goldberg, Niiwu Yoorkiitti Daarektarri Wallaansa Jiddu gala Fayyaa Dubartootaa akka jedhaniitti, amalliiwwan soorta fayya qabeessi ykn fayyadama alkoolii murteessuu namoota rakkina dhiiphiina qabaniif fooyyee ni argamsiisa. "Namoonni haala badaa keessatti argaman, akka fayyaa ta'an ykn dhukkubsatan hinyaadan,'' jedhu doktarri kun. 6. Umurii dhala itti dhaabamu Jijjiramni hormoonii dhala dhaabuun walqabatees fayyaa onnee dubartootaaf madda ta'u danda'a Dubartoonni umurii dhala itti dhaaban booda dhukkuba onneetiif saaxilam ni danda'u. Kunis hirina hormoonii 'oestrogen' qaama isaanii keessattiin walitti hidhama qabaata. 'Oestrogen' keessoo onnee dhiiga dadabarsuutiif gumaata gaarii qaba. Innis hiddii dhiigaa akka garaati akka socha'u ni gargaara. Oggeessii Onnee Jaakiin Eubaanyi, umuriin hiddi dhiigaa akka gogu jabaatu akka taasisu dubbatu. Knis dhiibbaa onnee akka dabaluuf kan gumaatudha. Haa ta'u malees, sooranni gaarii fi sochiin qaamaa walitti fufiinsa qabu haalawwan kanneen ofiirraa ittisuuf ni gargaaru.
oduu-52716979
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52716979
Koronaavaayiras: Dr Reek Maachaar dabalatee aanga'ooni Suudaan Kibbaa hedduun Covid-19n qabaman
Pirezidaantii Itti-aanaa Sudaan Kibbaa Dr Reek Maachaariifi haadha warraa isaanii Angeliinaa Teenii dabalatee aanga'oonni mootummaa olaanoon biyyattii COVID-19n qabaman.
Dr Reek Maachaar haasaa Birodkaastiingii Korporashinii biyyattii irratti taasisaniin, ''Ana dabalatee miseensoonni taaski foorsii ittisa koronaavaayirasii ol-aanoo biroo hedduun vaayirasichaan qabamaniiru,'' jedhan. Aanga'oonni kunneen akka qorataman kan taasifamees, miseensi taask forsichaa tokko vaayirasichaan qabamunsaawaan mirkanaa'eef jedhan Dr. Reek Machaar. Miseensota taaksi foorsii vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e biroo ammaaf maqaa isaanii eeruun hin barbaachisu jedhan. Ministira ittisa biyyaa kan taate haadha warraa isaanii, Angeliinaa Teenii dabalatee hojjetoonni waajira ittaanaa pirezedaantii hedduus vaayirasichaan qabamuu isaanii ibsaniiru. Bu'aan qorannoo missnsoota hafanii gutummaatti boruutti kan baramu ta'uu himuun, Ministirri Fayyaa garuu vaayirasichaarraa bilasa ta'ushee dubbataniiru. Namoonni vaayirasichi irratti argame hundinuu fayyaan isaanii haala gaariirra jira kan jedhan Dr. Reek Maachaar, hanga hakiimiin hordoffii taasisuun akka bahuu dandeenyu mirkanneessuutti mana keessatti adda of baasuun kan turru ta'a jedhan. Kana malees, eegdoonniifi hojjattoonni waajira isaanii hedduunis vaayirasichaan qabamuunsaan waan mirkannaa'eef akka of eegannoon taaasisuun tatamsa'ina vaayirasichaa ittisuu keessatti gaheesaanii bahaniif itti himama jedhaniiru. Haaluma kanaanis manni jireenyaa isaanii gutummaatti adda baafamuun akka turuu himaniiru. Dr Reek Maachaar kana dura Ebla 27 qoratamanii koronaavaayirasiirraa bilisa ta’uunsaanii madddeen himaniiru. Walumaagalatti Sudaan Kibbaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irrratti argamuun mirkanaa'e 347 yoo ta'u, kanneen dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe ammoo shan.
oduu-48504850
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48504850
'Warri saala wal-fakkaataa dawwannaaf Itoophiyaa dhufuu hin qaban'
Lammileen biyyoota alaa saala wal-fakkaataa (homosexuals) daawwannaaf gara Itoophiyaa dhufuu mormuun gurmuu waldaalee hordoftoota amantaa Ortodoksii 120 olii kan ta'e 'Sillistuu Mi'it' ibsa baaseera.
Dhaabbanni turiistota daawwachiisu namoota saala wal-fakkaataaf sagantaa daawannaa qopheessuun beekamu Tootoo jedhamu baatii afur booda daawwannaa gara Itoophiyaa guyyoota 14'f turu qopheessee namoota galmeessaa jira. Daawwannaa namni tokko mataatti doolaaraa 7900 itti kafalu kanaan iddoowwan hawwata turizimii akka Laalibalaa, Gadaamota Xaanaa, Arbaa Minci, Aksuum akkasumas bakkeewwan hawwata turizimii biroo ni daawwatamu akka sagantichaa dhaabbatichaatti. Bakka namootni saala wal-fakkaata ni daawwatu jedhamee tarreeffame keessa iddoowwan amantaa akka Laalibalaa fi Gadaamota Xaanaa eeramuun hordoftoota amantaa Ortodoksii dheekkamsiisee jira. Dura taa'aa gurmuu waldaalee 'Sillistuu Mi'it' kan ta'an 'Liqa Tiguhaan' Darajjee Nagaash, ibsa kana kan baasannamootni saala wal-fakkaataa cirumaa gara Itoophiyaa akka hin dhufne mormuun ta'uu dubbatu. "Mootummaafi abbootiin amantaa dhimmichaaf xiyyeeffannaa akka kennan, uummatnis of-eeggannoo akka godhuuf ibsa kana baasuun barbaachise" jechuun BBC'tti himaniiru. Maaliif gara Itoophiyaa dhufuu hin qaban akka jedhan yoo ibsan, "seera biyyattiitiin gochi akkasii yakkadha" jedhu. "Hidhaa salphaa hanga umurii guutuutti nama adabsiisuu danda'a. Kanaaf seera biyyattii cabsanii dhufuu hin danda'an. Lammaffaa amantaan ni dhorka. Aadaadhaanis waan balaaleffatamudha." "Cirumaa ammoo Laalibalaa daawwanna jedhanii gatii baasanii socho'uun isaanii ija jabina hin jirredha" jedhu. Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti kutaa lallabaa Walloo bahaa waajjira Laalibalaa irraa Ministeera Aadaafi Turizimii Itoophiyaaf akka barraa'ee kan mul'isuu i marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa kan jiru xalayaan tokkos dhimma kana balaaleffatee jira. "Yoo kan dhufan ta'ellee Laalibalaa daawwachuun hin hayyamamuuf, ammoo rakkoo uumamuu maluuf qaamni itti gaafatamummaa fudhatu hin jiru," jedha xalayichi. Abbaan qabeenyaafi hundeessaan dhaabbata daawwannaa Tootoo Daan Weer dhimma kanarratti BBC'f yaada kennaniin "baay'ee gaddineerra" jedhan. "Hordoftoonni amantaa kamiiyyuu waan sodaataniif hin qaban, nuti amantaa eenyuuyyuu dhiibuufis ta'e yaada keenya namarratti fe'uuf miti gara Itoophiyaa kan deemnu" jedhan. Inumaa aadaa jiru baruufi caalaatti hubannee dinqisiifachuu barbaanna jedhu. Sagantaa daawwannaa isaanii ilaalchisee yaadota miidiyaalee hawaasaa irratti kennamaniin hedduu gaddineerra kan jedhan Daan, Ministeerri Aadaa fi Turizimii Itoophiyaa dhimmicha of-eeggannoon akka hordofu gaafanna jedhu. Ta'us sagantaa gara Itoophiyaa imaluuf qabatan akka hin haqne dubbatu. "Nageenya keenyaaf yaaddoo qabaannus gara Itoophiyaa deemuu hin dhiifnu" jedhan. Dhimmicha Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa ni beeksisna kan jedhan Daan, sagantaa daawwannaa isaanii kana miidiyaaleen addunyaa gurguddoo akka duuka bu'anii gabaasan akka godhanis ni dubbatu. "Rakkoon uumamu jiraannaan maqaa gaarii Itoophiyaa akka hin faalle akkasumas turizimii, aadaa fi amantaa biyyattii akka hin miine of-eeggannoo gochuu qabu" jedhan.
oduu-48633029
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48633029
Keeniyaa: Miseensi paarlaamaa hirriyaasaa kabaluusaatiif to'atame
Namichi Miseensi Paarlaamaa Keeniyaa tokko dubartii Miseensa Paarlaamaadhuma sanaa taatee biraa, bakka namichi irraa filatameef maallaqa ramaduu diddee jechuun kabale jedhamuun himatameera.
Female MPs were mocked in parliament by their male counterparts Raashid Qaasiim, magaalaa guddittii biyyattii Naayiroobiitti miseensa koree bajataa kan taatee Aadde Faaxumaa Gedi kabalusaatiin himatame. Erga gochichi raawatamuunsaa karaa ergaa tiwiitaraatiin ballinaan tamsa'ee booda, Aadde Faaxumaan boo'aa osoo funyaan keessaa dhiigni dhangala'u suura irratti argamte jirti. Kanumaan walqabatees miseensoonni dubartootaa paarlaamichaa warri dhiiraa kaan itti-qoosnaan paarlaamaadha bahaniiru. Obbo Qaassim, bakka bu'aan Baha Waajir naanawa kaaba baha Keenyaatii yoo ta'u, erga maaliif akka isheen bakka inni irraa bakka bu'eef maallaqa hin ramadiin hafe gaaffachuun dallaadhuma paarlaamaa keessa lafa konkolaataan dhabbamutti Obbo Gedi kabalusaa himatame. Isaan boodas miseensoonni paarlaamichaa warri dhiiraa miseensoota dubartootaatti qosuu eegalusaanii, Miseensi biraa Saabinaa Waanjiru Chege BBC'tti himteeti. "Hiriiyyoonni keenya warri dhiiraa guyyaansaa kan kaballaatii jechuun nutti qoosuu eegalan,'' jette jirti. Ms Chenge akka jettuutti, ''dubartoonni sirreefamu qabaatu. Attamiin dhiirri itti kunuunfamu beeku qabna,'' jechaa turan jettee jirti. Isaan boodas miseensoonni paarlaamaa warri dubartootaa gadhiisuun bahuun Obbo Qaasiim akka qabamu kan gaafatan yoo ta'u, innis booda to'annaa jala olfameera. "Nuti hundi keenyaa miseensa paarlaamaati...nutis isaanii gadii miti,'' jetti Aadde Chegen. Obbo Qaasiim ammoo wanta umamae irratti yaadi kennee hinjiru.
oduu-43722074
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43722074
Jaarmiyaalee diinagdee addunyaa fi Itiyoophiyaa - 'Pizaa Haat'
Waliigaltee jaarmiyaa guddicha Ameerikaa 'Yaam biraandis' fi Jaarmiyaa Itiyoophiyaa 'Balaay aab fuuds' giddutti godhameen Piizaa Haat dameesaa Finfinneetti baneera.
Jaarmiyaalee diinagdee addunyaa fi Itiyoophiyaa - 'Pizaa Haat' Dhuma torbee kanaarrattis damee dabalataa tokko akka banu ni eegama.Waggooti lamaaan dhufan keessatti immoo bakka addaaaddaatti banuun 10 (dameeleesaanii 10) akkaa geessisan himaniiru. Waliigalteen kuni qarshiin miliyoonni 35 kan itti baheefi dameewwan isaa lamaanitti hojjeettoota 55 kan hammate dha. Itiyoophiyaan biyyoota Sahaaraan gadi jiran keessaa damee 12ffaa dha. Ogeessi qor dinagdee Abdulmannaan Mahammad akka jedhanitti Piizaa Haatiin gara Itiyoophiyaa dhufuun humni waa bituu namoota biyya kanaa dabaluu agarsiisa.'Jaarmileen beekamoo addunyaaleessaa gara Itiyoophiyaa dhufun isaanii jaarmilee diinagdee biroo ni jajjabeessa' jechuun ibsaniiru Gatiin Piizaa tokkoo birrii 90 hanga 350 kan ta'uufi oomishaalee nyaataa Piizaa kana qopheessuuf oolan guutummman biyya alaarraa akka galchuu Pizaa Haat beeksissera. Jaarmiyaan kun oomishaalee dheedhii biyyaa alaa galchuunsaa lammiilee oomisha kana dhiyeessuu danada'an hin miidhuu jennee gaaffii gaafanneef,ogeessichi'Jaarmiyaaleen kan akka Piizaa Haat qulqullina oomisha isaaniif baayyee eeggatu. Kanaafis oomisha nyaaticha ittiin hojjetan iddoo tokkoo qofa kan isaan fichisiisan kanammoo gatii taajaajilaa kaffalachisuun bu'aa irraa argatu. Jaarmiyaan kuni kan milkaa'u yoo oomisha isaa gatii madaalawaan yoo dhiyeesse qofa jechuun eeru. 'Torbanitti pizaawwan 2200 gurguruuf kan karoorse Piizaa Haat,gatiin ammaa kuni xiqqoo mi'aawaa otoo hin tahiin hin hafu jechuun ogeessi qor-dinagdee kun dubbatu. 'Gatiinsaa kan biyyoota biiroo wajjin walfakkaataadha, Itoophiyaa keessatti doolaara 3-12 gurguruufi kan isaan yaadani. Gatiin inni guddaan birrii 350 dha kuni immoo hawaasa galii guddaa qabuuf qofa kan ta'u dha,' jechuunis ibsu. Teessoon Piizaa Haat Keentaakii yoo ta'u, Afrikaa keessatti piizaawwan kuma tokkoo ol maqaa isaatiin gurguramu. Jaarmiyaan kun dameelee eeyyama qaban 188 ardii kana keessatti qaba.
oduu-47208352
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47208352
'Haadha koo jalaa Yuuroo 30,000 hateen miliyoonara ta'e'
Andiriiw Misheel wayita umriinsaa ganna 17 kaardii maallaqa haatisaa ittiin olkaawwattu dhoksee fayyadamuun, dhaabbata teeknooloojii ittiin hundeesse.
Nama harmee isaa jalaa maallaqa hatuun miiliyeenara ta'uu danda'e Amma nama umrii ganna 39 kan tahe Andiriiw, Dhiha Ingland Cheeltenaam iddoo jedhamtu haadha isaa waliin wayita jiraatu carraa hojii adamsuu kan eegale. Kaayyoon isaas marsariitii hiriyoota waliin baratu wajjiin banachuudhaan hojii bizinasii xixiqqaa eegaluu ture. Yaadnisaa kaleessaa har'a milka'inasaaf bu'uura. Hiriyootasaa waliin ta'uun kaampanii 'Fasthost' jedhamu hundeessuu danda'eera. ''mosaajii ofiif kalaqna turre, Kompitaroota kutaa cisichaa keenyaa keessatti argachuu feenus arganneerra jedhe. Yeroo sanatti tajaajila intarneetti Saffisaa argachuu barbaanna turre , garuu gatiinisaa qaaliidha ture. hanga DoolaraAmeerikaa kuma 100ti.Nuti garuu wayita sanatti maallaqa harkaa hin qabnu turree jedha Andiriw. Akka filannootti kan inni fudhate Kaardii haatisaa maallaqa Dijitalaa ittin olkawwattutti Idaa dabaluun tajaajila interneetii saffisaa bilbilaan argachuuf yaala turan. Tooftaan isaan itti gargaaraman garuu milkaa'eefi ,'' ji'a tokko booda maallaqa tajaajila interneetii kaffalluu fi maamilas horannee'' jedhe Andirew. Wayita hiriyaan isaa Yuunversitii seenu Adriw garuu Yuunversiitii seenuu caalaa Kaampaani isaa guddisuuttii ciche. Waggaa 9 booda garuu Kaampaanicha Yuuroo Miliyoona 61.5 tti gurgure Namni kun wayita umriin isaa ganna 26 Yuuroo Miliyoona 46 horachuun soromeera. Waggaa 2 boodas Kaampanii odeffannoo kuusu 'Livedrive ' jedhamu hundeessee booda sgurguruun Yuuroo miliyoona 10tti lakka'amu bu'aa argate. Milka'inni Andiriw mata oduu ta'aa adeeme. Andriiw dhaabbata Baark jedhamu hiriyyaa isaaa biroo waliin hundesseera Andiriw Wallee Ameerikaa beekamaa Hashar jedhamu guyyaa dhaloota hiriyaasaa durbaa kabajuuf fa'a akka sirbaan miidhagsuuf affeeru nama danda'u ta'eera. Andiriw fedhii gara bizinasiirratti horate abbaa isaarraa dhaalu dubbata. ''Abbaan koo nama gara Sipirees irraa dhufe ,nama hojii xixiqaa akka qurxumii gurguruu fi Kaaffteriyaa, bane hojjatu ture, wayita ijoollummaa koo argaan guddadhe kanatu muuxannoos naaf ta'e jedha. ''Umrii dargaggummaa kootti daldalaadha ,nama xiyyeeffannoon socho'uun ture'' jedheera. Andriiw qophii jaalalleesaaf qopheesse irratti weellisaa Ashaar akka argamu godheera
oduu-49027565
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49027565
Jiraattonni Godina Gujii Lixaa qaamolee nageenyaa mootummaa komatan
Jiraattonni godina Gujii Lixaa dubbifne sababa dhibdee nageenyaa godinicha keessa jiruun rakkina adda addaaf saaxilamaa jiraachuu dubbatu.
Jiraattonni Aanaalee Qarcaa fi Malkaa Sooddaa irraa BBC'tti dubbatan qaamoleen nageenyaa mootummaa nagaa eeguuf ramadaman nageenya booressaa jiru jedhu. Hidhattoota bosona jiran deeggartu jedhamanii qaamolee nageenyaa mootummaan miidhaan irra gahaa akka jiru himatu. Faallaa kanaatiin hojjettoonni mootummaa fi kanneen mootummaan hidhata qabu jedhamanii shakkaman hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhaniin butamaa fi ajjeefamaa jiraachuu kan himtanis jiru. Kana gidduutti nagaan bahanii galuu fi hojjetanii jireenya nagaa jiraachun nutti ulfaate jedhu jiraattonni dubbifne. Jiraataa aanaa Malkaa Sooddaa kan ta'an Obbo Roobalee Boontoo, ''bakka ani hin jirretti humni ittisa biyyaa milishaa gandaa waliin ta'uun saawwan koo sagal ooffatanii deeman,'' jedhan. ''Waraana Bilisummaa Oromoo duraanii bosonatti hafan nyaachista, mana kee keessa bulchita jechuun kana rawwatani. Ani hojjetadhee buluu malee waan isaan jedhan keessa hin qabu,'' jedhu. Godinicha keessatti sababa rakkoo nagenyaa jiruun iddoo tokko tokkotti doqdoqqeen tajaajila akka hin kennine dhorkameera. Sababa kanaan galiin dargaggoota hedduu hubamuufi hojjetanii buluun rakkisaa ta'uu jiraataan Aanaa Qarcaa kan ta'an Obbo Boruu galgaloo bilbilaan BBC'tti himaniiru. "Bakka itti iyyannus dhabnee rakkoo keessa jirra" kan jedhu Boruun, "yoo gaaffii gaafanne mirga maalii qabdu komaandi postii jala jirtu'' jechuun aanga'oonni isaanitti dhiyeenya jiran akka deebisaniif dubbata. Bulchaan Godina Gujii Lixaa Abarraa Bunnoo qaamoleen nageenyaa mootummaa osoo hin taane rakkoo uumaa kan jiru hidhattoota ta'uu dubbatu. Raayyaan Ittisa Biyyaa baay'inaan socho'aa hin jiru jedhan. ''Milishaan ganda gandatti nagaa ni eega, humni addaa fi kora bittinneessaan Oromiyaa uummata wajjin tahuun baadiyyaa keessattis nagaafi tasgabbiin akka uumamu hojii guddaa hojjetaa jiru,'' jedhan. Qaamoleen nageenyaa kunneen olaantummaa seeraa kabachiisuurra jiru malee uummata miidhaa hin jirani jedhu Obbo Abarraan. ''Dhokattee bakka bakkatti kan jirtu 'Shanee, shiftaa' dha. Qaama isaan hogganu hin qaban. Uummata saamaa, ajjeesaafi burjaajessaa jiru. Torban lama dura gara loon 21 ajjeesan'' jechuun isaanillee nageenya uummataa boora'aa jiruuf qaama komatan ibsan. Qaamni mootummaa saamicha jedhame raawwate akka hin jirre kan himan Obbo Abarraan warri qaamolee mootummaa komatan warra hidhattoota kana deeggaranidha jedhu. ''Uummata keessa kan Shanee rakkoo uumu deeggaru jiraachuu danda'a, warri akkanaa komii kaasuu danda'u, kun murtoo uummataati,'' jedhan. ''Namootni hidhaman ni jiru, namooti saamicha keessatti hirmaatan, nama ajjeesan ni hidhamu warri ragaan irratti hin argamne immoo ni hiikamu,'' jedhaniiru.
oduu-56567844
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56567844
'Poolisiin Oromiyaa ajaja mana murtii diduun Obbo Lammiifi Daawwit mana hidhaatti deebise'
Qondaalonni ABO Lammii Beenyaa fi Daawit Abdataa manni murtii waliigala Oromiyaa bilisaan gara mana isaanii akka deeman erga ajajeen booda poolisiin gara mana hidhaatti deebisuu abukaatoon isaanii BBCtti himan.
Ajjeechaa aartiist Haacaaluu Hundeessaa Hordofee kan too'ataman qondaalonni ABO Lammii beenyaa fi Daawit Abdataa dhadhacha gaafa 16/4/2013 ooleen yakka ittiin himataman irraa bilisa jechuun manni murtii ajajee ture. Poolisiin Oromiyaa garuu himatamtoota kunneen osoo hin gadhiisin ji'oota sadiif manneen hidhaa Galaaniifi Mojoo tursiisee jira. Manni murtii Waliigala Oromiyaas poolisiin Oromiyaa namoota kunneen maaliif akka hin gadhiisne akka ibsuuf irra deddeebiin ajajaa turus poolisiin dhihaatee deebii gahaa osoo hin kennin ture. Manni murtichaa dhadhacha gaafa 07/07/2013 ooleen komishinarri komishinii poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa qaaman dhihaatanii manni hojii isaan hogganan namoota kana maaliif akka gadi hindhiisne akka ibsaniif ajajee ture. Abukaatoon Obbo Lammii Beenyaafaa Obbo Guddannee Fiqaaduu BBCtti akka himanitti komishinarri koomishinii Pollisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa har'atti akka dhihaatan ajajamee turus qaaman osoo hin dhihaatin hafaniiru. Ergaa barreeffamaa mana murtichaatiif erganiinis sababa hojiitiin beellama kanarratti argamuu akka hin dandeenyeefi namoonni kunneen mana murtii federaalaatti dhadhacha waan qabaniif jecha osoo hin gadhiisin tursiisneerra yaada jedhu dhiheessuu isaanis himan. Haata'uu malee manni murtii federaalaa namoonni kunneen akka gadi hindhiifamneef dhorkaan kenneef yoo jiraate dhiheessanii akka hin jirres himan Obbo Guddanneen. Manni murtii waliigala Oromiyaas dhimmicha erga ilaaleen booda poolisiin himatamtoota kana asuma dhadhacharratti akka gadhiisu jechuun ajaje jedhan. Poolisiinis namoota kunneen mana hidhaa Mojoo irraa mallatteesinee fidnee asitti akkamitti gadhiisna yaada jedhu dhiheessanis abbaan seeraa mana murtichaa kun ajaja mana murtii waan ta'eef kabajamuu qaba jechuun ajajaniiru. Obbo Lammii beenyaa fi Daawwita Abdataas haaluma murtii manni murtii ajaje kanaan gara maatii isaaniitti galuuf erga taaksii waammataaniin booda karra irratti poolisoonni olirraa ajajamneerra jechuun ajaja mana murtii cabsuun gara mana hidhaa Mojootti deebisuu abukaatoon isaanii himaniiru. 'Ajaja mana murtii kabajii dhabuun ol-aantummaa seeraa kabachiistuu danqeera' Ajajni manneen murtii kabajamuu dhabuun gufuu ol-aantummaa seeraa mirkaneessuu ta'aa jiraachuu abokaatonni hidhamtootaa yeroo gara garaatti ibsaa turaniiru. Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee Oromiyaa keessaa namoonni hedduun yakkoota garagaraan shakkamuun hidhamaniiru. Namoonni dhimmi isaanii qulqullaa'ee murtii argatanii gadhiifaman jiraatanis, ergasii hanga ammaatti kanneen dhimmi isaanii murtii hin argannes jiru. Ji'oonni saddeet darban namoota sababoota adda addaatiin hidhamaniifi adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuu akkasumas raawwii ajajoota manneen murtii irratti rakkoolee hedduun kan itti mul'atedha jedhu abokaatoowwan BBCn yeroo gara garaa dubbise. Dhimma kanarratti gama poolisii Oromiyaatti deebii argachuuf yeroo gara garaa yaalliin taasifne nu milkaa'uu dhabus, amma dura Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) qaamoleen raawwachiiftuu murteewwan manneen murtiitiin darban kamiyyuu kabajuu akka qaban akeekkachiisanii ture. MM kana kan jedhan Onkololeessa bara dabre keessa walga'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irrattidha. Gaafas akkas jedhan: "Manni murtii nuti hin kabjneefi hin ajajamneef bilisaafi walaba ta'eera jechuun akkasumaan.'' Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas gama isaatiin Guraandahala darbe dhimma kanarratti ibsa baaseen, ''Ajajni manneen murtii kabajamuu dhabuun kabaja mirga namoomaaf balaadha,'' jedhee ture. ''Hidhaa hinbarbaachifne hambisuun, mirga wabii kabajuun barbaachisaadha,'' jedhe komishinichi. Akka Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa jedhutti, Oromiyaatti keessumaa ajajni mana murtii kabajamuu dhabuun yeroo gara garaa mullatu yaaddessaadha.
oduu-52045211
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52045211
Koronaavaayirasii: Sababa Covid-19 qajeelfama labsame jalaa ba'uudhaaf cidha ariifachiisaa gaggeeffame
Angaa'onni AwustIraaliyaa cidha irratti namootni shanii ol akka hin argamneef qajeelfama dabarsuuf akka jedhan beeksisuu isaaniin booda saatii 24 keessatti namootni hedduun ariitiin cidha isaaniI gaggeefFataniiru.
Mootummaan namootni hedduminaan akka walitti hin qabamnee gochuuf qajeelfama dabarsuuf jedhu kanaan cidha irratti namootni shan qofti argamu danda'an misirroowwan lamaan dabalateeti. Qajeelfamni kun hojiirra ooluuf kan ture Roobii halkan walakkaa irraa eegalee yoo ta'u cidha karoorfatanii namootni turan hamaamotaa waliin saganticha godhachuuf jecha dursanii cidha isaanii godhataniiru. Qajeelfama kana booda filannoon jiru cidha ofii namoota waliin godhachuu ykn guyyaa hin beekamneef cidha isaanii achi siiqsuudha. Dabalataaniis cidha isaanii namoota murtaa'een gochuun maatiifi hir'iyyoonni biroo immoo lafa jiranii intarneetaan akka hordofuun gochu ni danda'u jedhameera. Sababa dhorkaa kanaan cidhashee paarkii Kuwiinsilaand keessatti kan gaggeessite gazexeessituun Bindii Irwiin firooti ishee dhiyoo ta'an qofa cidhicharratti akka hirmaatan dubbatti. "Gara waggaa tokkoof guyyaa kanaaf qophaa'aa kan turre ta'us, waan hunda geeddaruuf dirqamneerra. Cidha keenya irratti keessumoonni hin jiran ture" jechuun haala ture barreessiteetti. "Murteen kun murtee rakkisaa ture, garuu fayyaa nama hundaaf jennee waan barbaachisaa gochuun nurra jirudha," jetteetti.
oduu-41508934
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41508934
Manneen hambaalee durii Finfinneetti balaarratti argamu jedhame
Magaalaan Finfinnee erga hundeeffamtee kaasee baroota darban dheeraa keessatti hambaalee seena qabeessa ta'an hedduu horatee jirti. Kanneen keessaayis manneen duriifi seena qabeessa ta'an isaan tokkoodha.
Mana qabeenyummaansaa kan dubbii himaa mootii Nasibuu Masqaloo ta'unsaa himanu kana keessa namoota heedduutu jiraata. Garuu oggeessoonni sa'aa kamittiyyuu jigu akka danda'u akkeekachiisu. Ragaaleen bulchiinsa magaalaa Finfinnee irraa argaman akka mul'isanitti, manneen akka hambaatti galmaa'an 230 ta'anitu argama. Manneen kunneenis seenaa, bareedina ijaarsaa, bu'aalee hawaasummaa fi umurii dheeraa waan qabaniif akka hambaatti galmaa'an. Waajjirii Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa Magaalattis, itti gaafatamummaa fi taayitaan hambaalee kanneen eeguu, kunuunsuu fi beeksiisuu kennameefii jira. Haa ta'u malee, rippoortarri keenya naannawee akka taajjabeetti, haalli manneen seena qabeessoo kanneenii hedduunis balaarratti argama. Fakkeenyaafis, magaalatiitti haalli manni Raasi Siyyuum Mangashaa naannoo Faransaayi Lagaasiyoonitti argamu fi manni dubbii himaa Nasiibu Masqaloo mana barnootaa Saanfoordi duubatti argamu baayyee yaachisaa ta'aa jira. Wayita ammaa kanattis namoota baay'eetu manneen kanneen keessa jiraachaa jira. Kanaafuu, haaroomsi atattamaa yoo taasifameef malee, jiraattoonnis balaa irratti argamu jechuudha. Aadde Masarat Tolaa haadha ijoollee shanii yoo taatuu, mana dubbii himaa Nasiibu Masqaloo keessa waggoota 30 oliif jiraatte jirti. Aadde Masarat, kutaan mana kanaa darbii jalaa bara bulchiinsa dargii keessa maatii isheetiin akka kennameef dubbatti. Yeroo sanaa irraa kaaftees keessa jiraachaa turtu illeen amma garuu manichi rooba dandamachuu dadhabaa jira. ''Sodaa manichi anaa fi ijoollee koorratti guyyaa tokko jiga jedhuun dhiphachaa jira,'' jetti. Mana Raasi Siyyuum Mangashaa Maatiin mana Raasi Siyyuum Mangashaa keessa jiraatan akka jedhanitti, aanaa fi biiroo aadaa fi tuurizimii magaalaa Finfineetti iyyata galfataniiru. Haa ta'u malee, hanga ammaatti wanti haaraan raawwatame tokko akka hin jirre himaniiru. Isaanis manichi seena qabeessa waan ta'eef akka dhalootaatti darbu barbaanna jedhaniiru. Garuu, filannoo biraa yoo argatan mana kana gadi lakkisuuf qophaa'oo ta'uu dubbatu. Oggeessi ijaarsaa fi Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa kan ta'e, Faasil Goorgiis akka dubbatutti, ''Manneen durii kunneen kan ijaaraman biyyoo fi muka irraayi. Kanaafuu, haala umurii fi ijaarsa isaanitiin kan ka'e, manneen kunniin amma baayyee dadhabaa deemaniiru.'' Haa ta'u malee, manneen kanneen keessa abbootii warraa hedduutuu jiraachaa jira. Kana jechuun ammoo, yeroo kamitti iyyuu balaa jigaatii isaan irra gahuu akka danda'u sodaasaanii ibseera. Jiraattoota gara biraatti dabarsuun seenaa manneen kanneen eeguun hunda caalaa barbaachisaa ta'ulleen cimsee dubbateera. Gama biraatiin ammoo, Biiroo Aadaa fi Turizimii Magaalaa Finfinneettii hogganaan garee to'annoo fi hordoffii hambaalee, Obbo Darajjee Siyyuum akka jedhanitti, biiroon isaanii hambaalee jiraniif eegumsaa fi haaroomsa ni taasisa. Garuu baayyina isaanitiin kan ka'ee hundaaf al tokkotti raawwachuu akka hindandeenye ibsaniiru. Manneen haalli isaanii sadarkaa balaa cimaarratti argaman cimsuuf hojiin dizaayinaa xumuramaa jiraachus dubbataniiru. Osoo hojii haaromsuu hineegaliin duras, hojiin qulqulleessuu fi jiraattoota bakka jireenyaa biraatti dabarsuu waan barbaachisuuf, haalli kun yeroo dheeraa fudhachuu isaa, Obbo Darajjeen himaniiru.
oduu-55316155
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55316155
Koronaavaayirasii፡ 'Gosti koronaavaayirasii haaraan' Ingiliiz keessatti argame
Akaakuun Koronaavaayirasii haaraan akkaataa kanaan dura hin beekamneen kutaalee Ingiliiz keessa saffisaan tatamsa'aa jiraachuu qondaaltonni fayyaa ibsan.
Ministirri Fayyaa UK Maat Haankook miseensota mana maree biyyattiif akka ibsanitti, gosti koronaavaayirasii haarofti kun yoo xiqqaate iddoowwan 60 ta'anitti argamuunsaanii gabaasi nu ga'eera jedhan. Maat akka jedhanitti mootummaansaanii waa'ee vaayirasii kanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti gabaaseera. Qorattoonni UK waa'ee vaayirasii kanaa qorachuu eegalaniirus jedhan. Nama talaallii Pfizer Covid-19 fudhachuun addunyaarraa kan jalqabaa ta'an Aanga'oonni Waayit Haawus talaallii Covid-19 dursanii fudhachuuf Odeeffannoo Ministeerri Fayyaa biyyattii hanga ammaatti qabuun gosti vaayirasii kun kan kanaan duraa caalaa balaafamaa ta'uu fi talaalliiwwan koronaavaayirasii haaraan as ba'aa jiran kan dandamatu ta'uusaa wanti akeeku hin jiru jedhan qondaalli kun. "Keessattuu Kibba Ingiliiz keessatti namoonni kuma tokko caalan gosa vaayirasii haaraa kanaan qabamuu barreerra'' jedhan. Kanaafuu talaallii hatattamaan hawaasa biraan ga'uun tatamsa'ina vaayirasichaa hir'isuun dirqama jedhan. Ogeessi fayyaa biyyattii Pirofeesar Kiriis Wiitii, qorannoon gosa vaayirasii haaraa kanaaf taasifamu kan duraan turerraa adda miti jedhan. Pirofesar Kiriis yeroo dhiyoo as naannawa Kibba Ingiliizitti lakkoofsi namoota gosa koronaavaayirasii haaraa kanaan qabamanii hedummaachaa jiraachuu mirkaneessan. Gosa vaayirasii haaraa kana keessatti qabiyyeen pirootiinii koronaavaayirasii kan heddummaatu yoo ta'u, hammi pirotiinii dabaluun ammoo amala vaayirasichaarratti hagam jijjiirama akka fidu hanga ammaatti bira hin ga'amne. Yuuniversitii Barmiingihaam keessatti qorataa damee kanaa kan ta'an Pirofeesar Alen Maaknaalii, ''waan baay'ee rifachuu qabnu natti hin fakkaatu, kana jechuun vaayirasichi saffisaan tatamsa'a jechuu ta'uu dhiisuu danda'a. Yookiin ammoo daran balaafamaa ta'uu dhiisuu danda'a.'' jedhan. Tibbana UK fi US keessatti talaalliin Covid-19, Pfizer/BioNTech lammiileef kennamuu eegaleera. Talaallii vaayirasicharraa nama fayyisuunsaa harka 95 ta'uun mirkanaa'e kana hojiirra oolchuun UK'n biyya jalqabaati.
oduu-50063239
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50063239
Itoophiyaan daddabarsa seeraan alaa dhala namaa ittisuuf seera haaraa baasuuf
Yakka seeraan ala namoota daddabarsuufi namaan daldaluu to'achuuf, labsiin haaraa ba'aa jiraachuu Abbaan Alangaa Federaalaa beeksise.
Maqaan labsii kanaas ''Seeraan ala namoota daangaa ceesisuu, namaan daldaluufi bobbii hojii biyya alaa seeraan alaa to'achuufi ittisuu'' jedhamuun waamama jedhan Dubbii Himaan Abbaa Alangaa Federaalaa Obbo Zinaabuu Tunnuu. Labsiin amma bahe kun mana mareetti Koree Dhaabbii Seeraa, Haqaafi Dimokiraasii, Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Dargaggootaaf dhiyaachuun irratti mari'atamaa jira akka aanga'aan kun jedhanitti. ''Biyya keenyatti yeroodhaa gara yerootti dargaggoota ciccimoo biyya keessatti hojjechuu danda'an gowwoomsuun karaa seeraan alaa biyyaa akka bahan, daangaa erga cehanii daandii irratti miidhaa guddaaf akka saaxilaman taasifamaa tureera''jedhaniiru. Gocha seeraan alaa kanaan, kaan dararaa guddaa keessa darbu, kaan lubbuu dhabu. Kaanis qoor-qalbiifi qaamaan akka malee miidhamanii gara biyyaatti deebifamaa turan. ''Yakka kana hanbisuufi namoota as keessatti hirmaatan irratti adabbii cimaa dabarsuuf jechadha kan wixinee seeraa haaraan kun akka darbuuf dhiyaate" jedhan obbo Zinaabuun. ''Kanaaf mootummaan nageenya lammiilee isaa eeguuf dirqama waan qabuuf kana cimsuufi daallaltoota seeraan alaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf yaadameeti kan wixinichi qopha'e'' jedhu Dubbi Himaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa kun. Labsiin kun kan kanaan dura ture irraa maaliin adda taha kan jedhuufi adabbii akkamiis dabarsuu danda'a kan jedhu irratti Obbo Zinaabuun, ''Kan ammaa kun qaawwa turan duuchuun seericha cimsuufi qabxiilee akka namaan daldaluu, humna isaafi waan hamaa biraaf dhala namaa fayyadamuu kan dabalatuufi kaanis of keessatti qabatu" akka ta'e himan Obbo Zinaabuun seerri kun sadarkaa wixineerra kan jiruufi irratti mariyatamaa akka jiru ibsanii, yoo mirkanaa'e hunda isaa ibsuun ni danda'ama jedhan. Haala qabatamaa amma jiruun, mootummaan tarkaanfii hedduu fudhachaa jira. Namoota warra daangaa ceesisan irrattis akkasuma hojjetamaa jira. Haa tahu malee ammayyuu naannoo baadiyaa hubannoo gahaa hin jirretti dargaggonni gowwoomfamnii biyyaa bahaa jiru. Adabbii isaa ilaalchisee qabxii hedduun jiraatanis adabbii maallaqaa guddaa, hidhaa cimaafi tarkaanfii gurguddaa qaba jedhan. Seerichis keeyyatoota adabbii haga du'aa murteessan qabaachuu obbo Zinaabuun dubbataniiru.
oduu-47288508
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47288508
Mohaammad Adamoo: 'OBN cimsuuf karoora bal'aa qabna turre'
Ji'a sadii dura hoogganaa Oromiyaa Biroodkastiing Neetwoork (OBN) ta'uun muudamee kan ture gaazexessaa Mohaammad Adeemoo mootummaan aangoo kanaa oliifin si barbaada jechuun bakka turerraa isa kaasuu BBC'tti himeera.
Gaazexeessaa Mohaammad Adamoo ji'a sadiin dura Caffee Oromiyaa duratti dhiyaatee OBN gaggeessuuf waadaa gale Muuxannoo ogummaa gaazexessummaa biyyoota hambaatti horateen jijjiirama guddaa fiduuf karoorsee karoora isaa hojiitti hiikuu wayita eegalu achii ka'uutti gadduus dubbateera. OBN keessatti gaggeessitoota daddafanii jijjiiruun kan baramedha kan jedhu Mohaammad, ogganoota waggaa lamaa keessatti jijjiiramaniif inni saddetteffaadha. Gaggeessummaa OBN irraa jijjiiramuun isaa fedhii isaatiin ala akka ta'es ni dubbata Obbo Mohaammad Adamoo . "Dhugaa dubbachuudhaaf ani ji'a sadiidhaafan hojjedha jedhee miti kanan deeme. Karoora bal'aafi dheeraa miidiyaa kana uummata Oromoo biraan gahuudhaaf, dandeettii hojjetoota keenyaa cimsuudhaaf karoora bal'aa qabna turre. Haata'u malee, fedhiifi kallattiin mootummaan ittiin deemu yeroo adda addaatti ni jijjiirama waan ta'eef fedhii keenyaan osoo hin taane fedhii mootummaa irratti hundaa'uudhaan bakka sana namni buufamee jira." Miidiyaan kun kan uummataati, gibira uummata Oromootiin dhaabbatee irra caalaas jiraachaa waan jiruuf kaayyoon keenya inni guddaan amma achi turetti miidiyaan kun keessa galtummaa mootummaatiifi dhaabbilee adda addaatiirraa walaba ta'ee miidiyaa uummataa kan akka BBC, NPR kan Ameerikaafaafi kkf'tti dhiibuu barbaachisa jedha Obbo Mohaammaad. Akka Mohaammad jedhutti mootummaan hin dhufaa ni darbas, dhaabni biyya bulchu tokko ni jijjiirama, uummanni garuu uummata hin jijjiiramu. Mootummaan yeroo ammaa dhaabbileen gara garaa yeroo hundeessaatti fuulleffatee jirutti, miidiyaa dhaaba irratti hin hudoofne ijaaruun barbaachisaadha. "Sanaafis hanga dandeenye carraaqnee jirra. Garuu yeroon gahaa waan hin turreef hanga barbaadame deemuun hin danda'amen. Karooraafi mul'ata keenya hojiitti hiikuu hin dandeenye. Haala mijeessurra turre. Ji'a sadii keessatti hoomaa waanti hojjettu hin jiru, haala mijeessinee hojiitti gaafa gallu ture." 'Mootummaan kallattii biroodhaan deemuu barbaade' Akkaataan namni OBN hoogannu bakka isaa bu'ellee ifa miti jedha Obbo Mohaammad. "Namni bakka bu'eeman dhaga'e malee xalayaadhaan miti kan na beeksisan." Fedhii mootummaan qabu natti himanii turan kan jedhu Obbo Mohaammad fedhii sana irratti yaada isaa kennee osooma jirruu namni bakka bu'uun dhaga'e jedha. Gaaffii sababii bakka sanaa isa kaasaniif ifatti kan beeku yoo jiraateef gaafatamee, "Mootummaan kallattii biroodhaan deemuu barbaade, kana caalaa baayyee jechuu hin barbaadu" jedhe. Uummanni dhimma kana irratti waan gara garaa haasa'aa waan jiruuf, iftooma uumuudhaaf garuu waajira dhaabaa ODP keessaa namoonni muraasni hojii nuti hojjechaa turre irratti komii dhiyeeffachuu isaanii akka beeku yaadachiiseera jedha Mohaammad. 'Kallattii koree miidiyaa' "Duulli adda addaa karaa nama lama sadii deddeemaa turuu isaa nan beeka. Sababiin isaas waajirri dhaabaa kan inni barbaadu torban torbaniin hooggantoota OBN walitti qabanii kallattii miidiyaan kun ittiin hojjechuu qabu kallattii kan kennan koreen miidiyaa kan jedhamu akka OBN hirmaatu fedhii qabaachaa turan." Dhimma kana irratti ammoo labsiidhaafi seera biyyaatiin kan daangeffame dhaabni tokko miidiyaa walabaa, miidiyaa uummataa keessa galee kallattii Iditooriyaalii kennuun aadmaleedha jedhanii akka manaajimantiitti murteeffatanii akka turanis ni kaasa Obbo Mohaammad. "Murtii sana irraas namoonni akka gammachuu hin qabne nan beeka. Dubbichi achi irraa ka'a garuu isa sanaaf na kaasan jedhuudhaaf odeeffannuu guutuu hin qabu. Kan anatti himame garuu mootummaan bakka biraatti akka na barbaadeefi hojiin amma hojjechaa jiru kanaan olitti bakka biraa deemee akkan hojjechu danda'u kallattii kaawwatanii nama akka buufatan kanan dhaga'e." "Ka'umsi dubbii isaa ammoo komii waajira dhaabaa ta'uu ifa osoo ta'ee gaariidha, sababiin isaas yaada burjaaja'e adda addaatu deemaa jira waan ta'eef. " Hojiiwwan jijjiiramaa jalqabe osoo hin xumuriin kaafamuu isaatti miirri gaddaa akka itti dhaga'ame himeera Mohaammad. Dirqamni kun dirqama uummataati jedheen wareegama kaffaleen deeme. Maatii koo dhiiseen hojii guddaa sanaa ol dhiiseen deeme. Ergan deemes waan baayyee hojjechuudhaaf haala mijeessinee jirra. Mul'ata baayyee bareedaa kan Oromoonis jaallate kan goodinaaleen Oromiyaa hundi yoo xiqqaate FM mataa isaanii akka qabaatan karoorfannee socho'aa turre. Miidiyaalee naannoo biroo waliin hariiroo uummachuudhaaf socho'aa turre. Leenjii adda addaa hojjettoota keenyaaf ji'a ji'aan kennuudhaaf karoorfannee turre. Leenjiinis kennameera. Yeroo jalqabaadhaaf erga dhaabbanni kun dhaabbatee Ambaasaddarri Ameerikaa OBN dhufee OBN walii wajjin ta'uudhaan embaasiin Ameerikaa leenjii kennaa ture. Karoora bal'aa lafa hin qabsiisiin hafne. Kanaaf baayyyeen gadde." Akka Mohaammad jedhutti, miirri naamusa oogummaa, walii galanii hojjechuufi obbolummaa haala kanaan dura argamee hin beekneen uumamee ture OBN keessatti. "Hojjetoonni hedduu dhama'aa turan. Anis ammoo baayyeen waadaa isaaniif galeen ture. Garuu badhee irratti yeroon isaan dhiisee deemu baayyee natti dhaga'ame." Murteen kun amantaa qaama jijjiirama biyya keessatti dhufaa jiru hoogganu irraa qabdu hanga ta'e akka laaffatu taasiseeraa jechuun gaaffii BBC Afaan Oromoo gaafateef deebii yeroo kennu, "Akka ani yaadutti Oromoo hunda osoo gaafattee bakka hundaa deemtee jijjiiramni gubbaa jiru gadi hin buune jedhee sitti hima." Jijjiiramni gubbaatti jiru akkuma jirutti ta'ee namoonni muraasni kan dhaaba keessa jiran, kan waan har'aa malee waan boruu yaaduu hin danda'iin karoora bal'aa, dheeraafi bilchaataa ittiin biyya kana ceesisuun danda'amu dagachuun waanuma har'aafi aangoof gareedhaan socho'u jedha. Akka ramadamee biyya birootti deemaa jiruutti haasa'amaa ture garuu kun waanti murtaa'e akka hin jirres beekamuu qaba jedheera Obbo Mohaammad. Gaazeexeessaa Mohaammad Adamoo waggoota dheeraan dura miidiyaa dhuunfaa marsariitiirraa OPride (as cuqaasi) jedhamu hundeessuun dhimmoota garagaraa irratti gabaasa hojjechaa tureera.
oduu-56148934
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56148934
Lola Tigraay: Gargaarsi namoomaa Naannoo Itoophiyaatti barbaachisu ‘baay'ee guddaadha’ jedhe ICRC
Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa (ICRC) gargaarsi namoota lola naannoo Tigiraayiin miidhamaniif barbaachisu 'humnaa ol kan ta'ee' fi duraan kan yaadameen ol jedhe.
Tigiraayitti namoota sababii waraanaatiin buqqa'an Daarektarri oppereeshinii ICRC Doominiik Istiilhart wayita Itoophiyaa daawwataa jiranitti BBCtti akka himanitti, gargaarsa namoomaa barbaachisuuf deebiin kennamu atattamaan dabaluu feesisa. Ji'a darbe mootummaan gama isaatiin namoota miiliyoona 1.8 tahan deeggarsa namoomaafi meeshaaleedhaan isaan qaqqabuu ibsuun, uummata miiliyoona 2.5 gargaaruuf qophii akka qabu himeera. Naannoo Tigiraayitti wabii nyaataa gar- malee yaaddessaa ta'u ibsuun, "Haalli namoomaa dhugumatti baayyee fokkisaadha. Fedhii humnaa ol ta'etu jira. Gareen keenya fedhii gargaarsaa lafarra jiruu qaqqabsiisuu akka hanqatan gabaasaa jiru," jedhe Doominiik. MM Abiy Ahimad Jimaata darbe Tigraayiin deebisanii ijaaruurratti pirezdaantota naannoleefi bulchitoota magaalotaa waliin karaa intarneetii marii'achuu fuula Feesbuukii isaaniirratti ibsaniiru. "Wayita Naannoon Tigraay deebitee ijaaramaa jirtu kanatti tokkummaa biyyaalessaatiin deeggersa walitti qabuuf waliigalleerra," jedhaniiru. Hojii gocha tokkummaa kanaaf mindaa isaanii ji'a tokkoofi gurgurtaa kitaaba Ida'amuurraa ammoo birrii 200, 000 kan guumaachan MM Abiy, "Namni hundi sochii tokkummaa Tigraayiin deebisanii ijaaruu kanarratti akka hirmaatu waamichakoon dhiyeessa," jedhaniiru. Sababii lolli gaggeeffamaa jiruuf ummanni Tigiraay waqtii midhaan itti sassaabbachuun irra ture dhabuusaanii kan himu Daarektarri oppereeshinii ICRC Doominiik, kunuunsa fayyaa argachuunis rakkoo hamaadha jedha. Bakkeewwan gara garaatti ammallee lolli itti fufee waan jiruuf rakkisadha kan jedhu qondaalli ICRC kun, fedhii gargaarsaa jiru guutuudhaaf rakkoon humnaa jiraachuu ibseera. "Walumaagalatti fedhii gargaarsaa jiru qaqqabuudhaaf humna keenya cimsachuutu nurra jiraata. Kana ammoo qofaa keenyaan osoo hin taane hawaasni addunyaallee, dhaabbileen gargaarsa namoomaarra hojjetan waliinidha. Kanarrattis mareen gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, torban darbe keessa hojjettonni dabalataa, keessumaa dhaabbileen UN keessaa dhufaa jiru," jechuun dubbate. Naannolee Tigraay hedduu keessatti deeggarsi namoomaa akka qaqqabu hojii mootummaan hojii hojjechaa jiru ejensiiwwan Mootummoota Gamtoomaniin akka daawwatamu godhameera jechuun ibseera. Mootummoonni Gamtoomanii-UN ammoo lola naannoo Tigraay keessa gaggeeffame hordofee naannicha keessatti namootni miiliyoona 4.5 ta'an deeggarsa nyaataafi kanneen biroo atattamaa barbaadu jedheera. Mootummaa Federaalaafi TPLF gidduu wal-gaareffannaafi waliigaluu dhabuun yeroo dheeraaf ture cimuun humnoonni TPLF raayyaa ittisa biyyaa Iizii Kaabaarratti haleellaa raawwatan hordofee lolli gaggeeffamuun ni yaadatama.
56400379
https://www.bbc.com/afaanoromoo/56400379
Koronaavaayiras: Itoophiyaarraa dabalatee imaltoonni biyyoota afurii Ingilaand seenuu dhorkaman
Mootummaan Ingilaand COVID-19 gosti haaraan gara biyyakootti seenuu mala soda jedhuun imaltoota Itoophiyaa, Omaan, Somaaliyaa fi Qaataa irraa gara biyyattii galan Jimaata Bitootessa 19 irraa kaasee akka hin seenne dhorkite.
Akka gabaasni mootummaan UK jedhutti tarkaanfiin lammileen biyyoota afranirraa dhufanis ta'e namoonni biyyoota kanneen keessa qaxxaamuran akka hin seenne dhorkuu raaga Covid gosti haaraan seenuu mala yaaddoon jedhu dabaluusaa hordofeeti. Bitootessa 19, 2021 irraa kaasee lammilee Biriteeniifi Ayerlaand ykn warri mirgoota jireenyaa qabanfi warra viizaa yeroo dheeraaf turu qaban dabalatee qofaaf seenuun hayyamama jedhameera. Isaaniyyu akkuma seenaniin dhaabbata mootummaatiin mirkanaa'e keessatti guyyoota 10f adda of baasanii akka turan kan taasifamu yommuu ta'u, yeroo turtii isaaniittis guyyaa 2ffaa fi 8ffaa irratti qorannoo koronaavaayirasii taasisuu qab jechuun gabaasni kun mullisa. Itoophiyaatti weerarri koronaa ''haala sodaachisaa ta'een'' dabalaa jiraachuufi uummanni of eeggannoo gochuu dhiisuun yaaddeessaa ta'uu Ministeerri Fayyaa biyyattii tibbana ibsaa jira. Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddesee, ''Miidhaa Koronaan qaqqabsiisu haala sodaachisaarra wayita gahe kanatti akka hawaasaatti balaa gahu haala madaaluun of eeggachaa hin jirru'' jedhan. .Sababa of dagannaa guddaa hawaasa keessatti mul'atuun lakkoofsa namoota haaraa Vaayirasichaan qabaman akkaan dabaluun cinaatti, lakkoofsi namoota sababa dhibee kanaan lubbuu dhabaniillee haalaan dabaleera. Mootummaan UK biyyoota afran kana toora warra biyyashee hin seenne keessa yeroo galchitu kanatti Poorchugaaliifi Mooriishe ammoo dhorkaa kanaan dura ture jalaa baasuuf jirti. Hanga ammaatti talaalliin miliyoona 34 UK keessatti dhiyaateera garuu tarkaanfiin dhorkaa kun gosti vaayrasichaa haaraan kan akka Afrikaa Kibbaafi Biraazil keessatti argamee seenuu malu soda jedhu hir'isuudhaaf. Akka ibsa mootummaa UK kanaatti xiyyaaronni daldalaafi dhuunfaa biyyoota afranirraa dhufanis hin seenan. Xiyyaarota meeshaa fe'an imaltoota hin qabne garuu hin ilaallatu.
54442860
https://www.bbc.com/afaanoromoo/54442860
Dr. Huseen Kadir kan ji'oota sadii dura too'ataman maalirra jiruu?
Yunvarsiitii Finfinneetti Diinii Koolleejjii Barumsaafi Qorannaa Sirna Naamusaa kan tahan Dr. Huseen Kadir namoota ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaatiin booda too'annoo jala oolan keessaa tokko.
Koree simannaa Artisti Umar Suleyimaan irratti Dr Huseen Kadir Dr. Huseen ji'a sadiin dura Magaala Finfinnee mana jireenyaa isaaniitii poolisii Humna Addaa Oromiyaatin akka too'atamanii turan haati warraa isaanii aadde Hindii Sa'id BBC'tti himaniiru. "Manaa erga qabaniin booda waajjira Poolisii magaala Sabbataa guyyoota 14 erga tursiifamaniin booda gara Baaleetti geeffaman. Sana booda Gobbaa guyyaa tokko bulchanii ergasii Agaarfaa geessanii achitti hidhamanii jiru," jedhan. Yeroo ammaa kanas Agaarfaatti mana barumsaa tokko keessatti hidhamanii jiraachuu eeru Aadde Hindiin Sababa bakka jireenya isaanii magaala Finfinnee irraa gara Baaleetti geeffamanii hidhamaniif jechas maatii isaanii hunda garasitti geessanii ofii isaanitiifis achi jiraachuuf dirqamuus himan. "Nuti Finfinnee jiraachaa turre. Dr Huseen Agaarfaa erga bahee wagga 30 ol ta'eera. Ammammoo deebisanii Agaarfatti hidhan. Gaafuma isa garana fidan wajjin dhufne ergasii ji'a sadiif ijoollee kiyya waliin asuma jirra," jedhan. Dr. Huseen Kadiriif abukaatoo tahanii kan jiran Obbo Kaalid Bashir gamasaaniin maamilli isaanii kun erga gaafa ALH Qaammee 5, bara 2012 asitti mana murtiitti dhihaatanii hin beekan jedhu. "Ji'a tokkoo ol erga hidhamanii booda qorataan poolisii waan ittiin shakkaman akka itti hime natti himaniiru. Jila Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Jawaar fa'a waliin garana dhufte, jeequmsa kakaasteefi kitaaba Ida'amuu qeeqxe jedhee shakkuun akka to'ate poolisiin itti himame," jedhan Obbo Kaalid. Gaafa Qaammee 5, bara 2012 mana murtii aanaa Agaarfaatti kan dhihaatan Dr. Huseen Kadir, guyyaa sanas manni murtichaa poolisiin ragaalee isaanirratti qabu akka dhiheessuuf guyyoota dabalataa 15 kenneefii akka tures himan. Poolisiin garuu guyyaa jedhame kanatti ragaalee himataa qoratee dhiheesse akka hin jirreefi manni murtiis mirga wabii gaafachuu akka danda'an himuus dubbatu. "Gaaffii mirga wabii mana murtiitiif dhiheessuuf yaallee turre. Akka hojmaata asiitti baratameetti ammoo uunka gaaffii mirga wabii irratti poolisiitu chaappaa rukuta. Qorataan poolisii kana nu dide. Mallattoo shakkamaafi abukaatoo qofaan gaafannaan ammoo manni murtii fudhachuu dide," jedhan Obbo Kaalid. Manni murtii yeroo beellamaa Dr. Huseen Kadir erga cufee ji'a tokko darbuufi eegasii hanga ammaattis sababa tokko maleefi himata tokko malees hidhaa keessa tursiifamaa jiraachuu himan. "Qorataan Poolisii ragaa qabatamaa isaan himachiisu hin dhiheessine. Galmeen yeroo beellamaa erga cufameen booda yakka biraatiin shakkamuu isaaniis wanti ibsame hin jiru, jechas hin kennine. Akka seeraatti gadi lakkisuu qabu malee mirga wabiis wanti barbaachisu hin jiru," jedhan. Dhimma namoota himataafi ragaa qabatamaa tokko malee mana hidhaa keessa tursiifamaa jiranii kana abukaatota biroo waliin ta'uun qaama dhimmi ilaaluuf iyyata dhiheessuuf akka jiranis himan Obbo Kaalid.
oduu-52727342
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52727342
Manni Murtee Ameerikaa Sudaan haleellaa Imbasiiwwaniif beenyaa haa kaffaltu jedhe
Manni Murtii olaanaa Amerikaa haleellaa boombii bara 1998 imbasii Ameerikaa keeniyaafi Taanzaaniyaarratti raawwatameef Sudaan beenyaa kaffaluu qabdii jedhe.
Haleellaa al-Qaayidaan bara 1998 Keeniyaafi Tanzaaniyaatti raawwateen namoota miidhamaniif Sudaan beenyaa akka kaffaltudha Manni Murtii Ameerikaa kun kan murteesse. Haleellaa kanaan namootni 200 caalan du'anii, kumaan kan lakkaawaman ammoo miidhamaniiru. Haleellaa kana keessatti biyyi amma beenyaa haa baaftu jedhamtu Sudaan, hoogganaa yeroo sanii al-Qaayidaa kan ture Osaamaa Biin Laadaniifi garee isaaf deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa gochaa turtee jedhamuun himatamte. Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa beenyaan kun Lammiilee Ameerikaa balaa saniin miidhaman, hojjetoota Imbasiiwwan haleelamaniifi kontiraaktarootaaf akka kennamu murteesse. Murteen kun tibba mootummaan ce'uumsaa Sudaan tarree biyyoota Ameerikaan biyyoota shororkeessummaa deeggaran jettee tarreesite keessaa haqamuuf dhiibbaa uumaa jiruu fi abdii horatetti dhagaahame. Akka murtee kanaatti doolaara biiliyoona afur beenyaan akka kaffalamu bara 2011 murtaa'ee ture keessaa Sudaan $800m baafti jechuu akka ta'e bakka bu'aan mootummaa Sudaan Rooyitarsitti himaniiru. Sudaan gama isheen shororkeessitoota waliin hidhata hin qabu jechuun waakkachaa turte.
oduu-42063979
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42063979
Baqattoonni Sudaan Kibbaa akkamiitti dinagdee Ugaandaa akka cimsuu danda’an
''Jalqaba irratti maallaqa argachuun rakkisaa waan ta'eef, daldala kam iyyuu jalqabuun salphaa miti,'' jetti Peniinaan - dubartiin lammii Sudaan Kibbaa kan ijooliee ishee afurii waliin baqachuun gara Ugaandaa seente.
Peniinaan Sudaan kibbaa keessaatti mana refeenssa qabdi turte Daldaltoonni baay'een waan walfakkaata sitti himu. Egaa nama baqataa ta'ee mooraa baqattootaa keessa Kaaba Ugaandaa jiraatuuf ammoo waanti kun hagam rakkisa akka ta'e yaadi. ''Baqataa ta'anii maallaqa argachuun salphaa miti,'' jechuun kan itti fufte dubartiin kun. ''Ni argita, waan akka boloqqee isa kennamuuf gurguruu, dibata (Zayitii) nyaataa si kennuunis kafaltii raawwatu malee homaa hinqabani. Maallaqni hinjiru.'' Jetti. Peniinaan abbaa warra ishee dhiiftee biyya akka baqatu kan ishee kakaasee dubartiin tokko mucaa ishee waliin wayita ajjefamuutu erga argite booda ture. Jiraachuuf waan isheen gotu Baqattoota Sudaan Kibbaa miliyoona tokko ol Ugaandaa keessatti argaman keessa naannoo % 85 kan ta'an dubartoota fi daa'imman akka ta'an Dhaabata Mootummaa Gamtoomanitti, Koomishinii Olaanaa Dhimma Baqatootaa ni dubbata. Baqatoonni Itoophiyaa fi Ertraa irraa ta'an hedduunis biyya Ugaandaa keessa akka jiraatan ni beekama. Tokko tokkoon isaaniis waggoota hedduuf biyya sana keessa jiraataniiru. Namoonni kun UNHCR, dhaabbilee gargaarsaa idla adduunyaa adda addaa fi mootummaa Ugaandaa irra gargaarsa ni argatu. Mana rifeensaakoo keessa hojjechuun koo fayyaa koof ille na fayyadeera jetti Peniinaan Lafti ni kennamaaf - lafa bosona irra ciranii mana irratti ijaarataniifi qotanii waan nyaatan omishataniidha. Pilaastikaa babal'aa ta'e kan mana ittiin ijaarachuu dandaaniis ni kennamaaf. Meeshaan ittin nyaata bilcheessanis minaan nyaata waliin ni qoodamaaf. Haa ta'u malee, dhabachuun gargaarsa idli adduunyaa irraa kan madde bara darbe keessa minaan nyaataa ji'a ji'aan kennamu irra citeera. Akka baqattoota baay'ee haasofsiifnetti nyaati kennamaa ture ji'an isaan gahaa akka hinturre himu. Kun immo Peniinaaf carraa gaarii ta'eera. Wayita Yei, Sudaan Kibbaa turte ogummaa rifeensa hojjechaa horateetti. Ogummaan kun ishee waliin dhufe. Kanaan duras bara 1990'oota keessa wayita Sudaan kaabaa waliin wal waraanaa turame baqattummaadhaan Ugaandaa keessa turte jirti. Kana jechuun ammo jiruu fi jireenya Ugaandaa keessa ni hubatti jechuudha. Namoota naanno keessaas hiriyoota ni qabdi. Keessattu hiriyaashee tokko turte kan akka mana rifeensaa bakka qubsuma baqataa Imiveepii keessatti akka eegaltuuf ishee gargaarte. Haa ta'u malee, hojiin kun galii akka hinqabne dubbati. Dubartoonni ishee biratti rifeensa hojjetifachuuf dhufuunis kan kafalan minaaniifi dibata (zaayiti) kenuufiin waan ta'eef, yeroo tokko tokko waan ishee barbaachisu bituuf maallaqa kan argatu warreen kana gurguruun qofa. ''Mal gochuu dandeenya? Haalli keessa jirru kana fakkaata. ''Daldalli finiinaa jira'' Utuu achirra hinfagaatiin dargaggoo tuullaa cilee (kasalaa)n marfame tokkootu jira. Kasalli baqatootaniis ta'e lammiilee Ugaandaa bal'inaan kan itti fayyadamaniidha. ''Daldallii mooraa baqqatoota keessatti finiinaa jira,'' jedha Abduul Kaariin Alii, lammi Ugaandaa kan umurii 25'n tokko. Magaalaa Aru'aa jedhamtuu fi naanno sanatti argamu irraa dhufe . Innis akkamitti baqqatoonni lammii Sudaan Kibbaa kasala itti hojjetanii fi inni immoo isaan irra bituun magaalaa irraa dhufetti geesuun bu'a gaarii argachuun akka gurguru hima. ''Daldala keessatti al takkaa takka ni milkoofta yeroo biroo ammo ni kasaarta,'' jedha Abduul Kariim Alii ''Kasalli magaala keessatti baay'ee mi'aadha. Garuu, haala as jiru irraa kan ka'e gatii rakasaatiin gurguru,'' jedha waa'ee baqattoota wayita haasa'u. ''Namoonni muraasni waan UNHCR irraa ittiin jiraatuuf kenamuuf tokko tokkoo ni gurguru. Kanneen akkanaa irraa ammoo bu'aa guddaa arganna.'' Haa ta'u malee, poolisiin mootummaan Ugaandaa meeshaa baqataa UNHCR'iin kennamuuf namoota irra bitan wayita argan qabanii waan hidhaniif daldalli akkanaa kun balaa gudda qaba. ''Ta'uus nutis hinuma binna,'' jechuun dubbata. ''Daldala keessatti yeroo takka takka ni injifatta; yeroo takka takkammoo ni kasaarta.'' Akkaataa innni itti ibsu qalbii namaa hata. ''Mee naanna'ii ilaali; gabaa kana keessatti nu hundumtuu namoota bakka bakkarra dhufnee dha, Sudaan Kibbaa fi Ugaandaa, garuu jireenya mo'achuu fi wayyeefachuuf waliin daldalla,'' Jedhe. Duguma, naannoon dirree Ugaandaa Kaabaa jijiiramaa jira. Mallattoo nageenyaa hanga tokko Sudaan Kibbaa keessatti yeroo dhihootti deebi'uu maluun, baqatoonnis ofii isaaniif jireenyaa haaraa jalqabuuf. Namoonni lammii Ugaandaa muraasni hanga tokko kana irra fayyadamaa jiru.
oduu-44081944
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44081944
Hayyuu diinagdee: ''Fooyya'insa sharafa biyya alaa irratti taasifametu qaala'insa gatii fide''
Guddina diinagdee saffisaa akka galmeessitu kan himamuuf Itoophiyaan gabaasa diinagdee biyyoota Afrikaa Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa(IMF) baaseen biyya liqaa guddaan irra jiru akka taate beeksiseera.
Hangi liqaa biyyattiirra jiru omisha waliigalaa biyyattii keessaa harka 56.2 akka ta'e gabaasichi eereera. Dhaabbatichi hangi liqaa biyyattiira jiru yaaddessaadha jedhuyyuu, hayyuun qonnaa fi diinagdee kan ta'an Dr. Damis Caanniyaalew liqaan akka rakkootti ilaalamuu hin qabu jedhu. Akka fakkeenyaattis Ameerikaan biyya liqaan jiraattudha jechuun ibsu. ''Liqaa fudhachuun waan ajaa'ibaa miti. Guddinni kamuu sochii liqaarraa bilisa ta'een hin deemsifamu. Inni guddaan liqaan fudhatame maal irra oola isa jedhudha.'' Mootummaan Itooophiyaa akka biyyoota Afrikaa tokko tokkoo hojjettotaaf mindaa kaffaluuf hin liqeeffatus jedhan. Itoophiyaan kan liqeeffattuu piroojektoota gurguddoo ijaaruuf akka ta'e kan himan Dr. Damis, IMF fi Baankiin Addunyaa ijaarsa bu'uraalee misoomaaf liqaa oolu biyyootaaf hin kennan jedhu. ''Hojiilee daandii, ijaarsa hidhaaleef, babaldhina annisaa ifaaf, tajaajila telekominikeeshinii walgeessisuuf, daandii baaburaa diriirsuufi kanneen kana fakkaataniif Itooophiyaan liqaa kan fudhattu Chaayinaa fi Indiyaa irraati,'' jedhu Dr. Damis. Liqaan kan madaalamuu qabu dandeettii liqaa san deebisuu wajjiini. Maallaqa sana fayyadamanii galii argachuun fi liqaa sana yeroo jedhametti deebisuun hanga danda'ametti wanti nama yaaddessu hin jiru jedhu hayyuun kuni. Bu'uura kanaan Mootummaan Itoophiyaa maaliif liqeeeffate yaada jedhu hin qabus jechuun himu. Sharafni doolaara Ameerikaa dabaluun qaalayinsi gabaa akka jiraatu sababa ta'eera. Kunis dhiibbaa dhaabbilee maallaqaa idila addunyaan ta'uu himu. kanaanis jiraattotni komii qabaachuu dubbatu. ''Wantoota nyaataaf oolan irratti gatiin dabaleera. Rakkinichi isa ji'a darbeerras hammaataadha. Meeshalee ijaarsaa irrattis daballiin jiraachuun jireenyi keenya qormaata akka ta'u taasiseera,'' jedhu jiraattuu magaala Finfinnee kan ta'an Aadde Sablee Isheetee. Hayyuun diinagdee Dr. Damis akka jedhanitti, fooyya'insa sharafa biyya alaa irratti taasifame sirrii miti . ''Qaala'insa gatii hin eegamne akka fiduu danda'u mootummaan dursee hubatuu qaba ture.'' Gabaasni IMF akka ibsutti meeshaalee garaagaraa irratti gatiin guyyaa guyyaan dabalaa jira. Dubbii guddaan garuu haala kana akkamiin to'achuun danda'ama kan jedhu akka ta'es Dr. Damis eeraniiru. Meeshaalee biyya alaatii galanii fi biyya keessatti omishaman adda baasuun to'annoon taasifamuu qabas yaada jedhu qabu.
oduu-52431179
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52431179
Koronaavaayiras: Namoonni to'annoo seeraa jala jiran wabiidhaan hiikkamuu danda’u-Komishinii Mirga Namaa Itoophiyaa
Mirgi wabiis mirga namummaa waan ta’eef yeroo labsiin muddamaa hojiirra ooluun kabajamuu qaba, jedha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.
Kabajni Ebla 25 kabajamu “Guyyaa Afriikatti hidhaa himannaa dura taasifamu ittisuu” sababa godhachuun yeroo dhihootti odeeffannoo koronaavaayiras waliin wal qabatee tarkanfiiwwan fudhatamaniin kan hidhaman ogeettiin seeraa Elsaabeet Kabbadaafi gaazexeessaan Yaayyeesaw Shimallis dabalatee mirga wabii kabachiisuu dhabuufi himanaa dura namoota yeroo dheeraadhaaf hidhaman akka isa yaachisu Komishiiniin Mirga Namummaa Itoophiyaa beeksiseera. Sadarkaa Afriikaatti yeroo 5ffaaf Ebla 25 yaadatamaa kan jiru, “Hidhaa himannaa dura taasifamu ittisuu (Africa Pre-Trial Detention Day) kan yaadatamuudha. Himannaan yakkaa dhiyaachuun dura buufata poolisiitti dhiyaachuu, manneen amala sirreessattiifi bakkeewwan tursiisa birootti yeroo dheeraadhaaf namoota rakkatan ilaalchisuun hubannoo fooyyee qabu kennuuf mirgoota namummaarratti kan hundaa’e bulchiinsa seerri haqa yakka akka jiraatuuf kan xiyyeefatedha. Keessumaayyuu Komishiiniin mirgoota namummaa fi hawaasummaa kan raggaasise akkaataa ittiin qabiinsa hidhaa Luwaandaa, bakkeewwan tursii poolisiifi dambii namoota himannaa dura hidhamanii (Luanda Guidelines on the Conditions of Arrest, Police Custody and Pre-Trial Detention in Africa) akka mul’isutti dambiiwwan idil-addunyaa mirgoota namummaatti himannaa dura hidhaarra turuun haala addaa qofaan kan hayyamamu ta’uunsaa ibsu. Kanaafuu, Itoophiyaa dabalatee biyyoonni miseensota Chaartarii mirgoota namummaafi hawaasummaa ta’an hundi hidhaa himannaa duraa namoonni hidhaarra akka turan taasisuu irra filannoo biraa hojiirra oolchuun hidhaa seeran alaa dhoorkuun bulchiinsa haqa yakkaa akka fooyyessan akeekkachiisa. Akka waliigaltee idil-addunyaa Siivilii fi siyaasaa keewwata 9(1)’tti, Chaartarii mirgoota namummaa Afriikaa keewwata 6’tti akkasumas heera Itoophiyaa keewwata17’tti tooftaalee bilisummaan ittiin kabajamu keessaa inni tokko hidhaan hin barbaachisne dhoorkuufi mirga wabii kabajuudha. Ta’us garuu Itoophiyaa keessatti hidhaan himannaa dura taasifamu heddumaataa dhufunsaatiifi mirgi wabii heeraan kaawwame haala barbaachisuu kabajamuu dhabuunsaa yaachisaadha. Akka fakkeenyaa koronaavaayiras waliin wal qabatee hidhaaniifi mirgi wabii jalqabarratti kaafne dhimmoota gaaffii kaasaniidha. Gaazexeessaan Yaayyasaw Shimalis hidhaa guyyoota 27 ture keessatti mana murtiitiin mirgi wabiisaa kabajameefi kan ture ta’us qaama seera raawwachiiftuu haala himannaasaa jijjiiruu fi sababoota bulchiinsaa kaasuun hidhaa akka turu taasisaniiru. .Gaazexeessaan kun hidhaadhaa akka bahu kan taasifame himannaa yakkaarratti dhiyaate mana murtiitti mirga wabii yeroo 3ffaadhaaf mirakaneeffameef boodadha. Gaazexeessaan kunis “koronaavaayirasiidhaan wal qabatee mootummaan namota du’aniif bakkeewwan awwalchaa 200,000 ta’u akka qopheessuuf ajaja kenneera” yaada miidiyaalee hawaasummaarratti kenneen irratti hundaa’uun odeeffannoo sobaa kenneera jedhuun shakkameeti kan himannaa irratti baname. Jalqabumarraa ta’us gaazexeessicha yakka ittiin shakkameen sababni mirga wabiisaa kabachiisuu dhabuun hin mirkanoofne ture. Ogeettii seeraa kan taate Elsaabeet Kabbadaa haala wal fakkaatuun namoota koronaavaayirasiidhaan shakkaman waliin tuttuqqii qaban maqaasaanii miidiyaa hawaasummaarratti eeruun wal qabatee Guraandhala 26 poolisii bulchiinsa magaala Finfinnee keessatti poolisiidhaan fuudhamtee gara naannoo Hararii geeffamuun magaalaa Harar keessatti hidhaarratti kan argamtu yoo taatu gaaffii mirga wabisheerratti hamma ammaatti murtoo hin kennamne. Haala wal fakkaatuun yakki Elsaabeet ittiin shakkamte sababni mirga wabiishee kabachiisuu dhabuu hin mirkanofne ture. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa kanaan dura baaseen, tarkaanfiiwwan labsii yeroo muddamaa mootummoonni federaalaafi naannoleen fudhatan bu'uura Heera mootummaafi dirqamootaafi akkaataa mirgoota namoomaa idil-addunyaatiin ta'uu akka qabuufi mana murtii walabaa haqan taajaajiluufi adeemse seeraa akka addaan cituu hin qabne beeksisuun isaa ni yaadtama jedheera. Komishiniin mirgoota namummaa Itoophiyaa ibsa asiin dura baasee akka akeekkachiiseen mootummoonni Federaalaas ta’ee naannoolee tarkaanfiwwan yeroo labsii muddamaa fudhatan akka heera biyyattiittii fi danbiiwwan mirgoota namummaa idil addunyaa kan bu’uureffate akka ta’anii fi haala seeraatiin mana murtiitti dhiyaachuufi kanneenis kabachiisuuf seera (Judicial and Procedural Remedies) barbaachisan ta’uusaaniitiin addaan kutumu yookiin daangeffamuu akka hin danda’amne ibsuunsaa ni yaadatama. Sirna seera kabachiisuu keessaa tokko sirna mirga wabii kabachiisuuti. Akka keewwata heeraa 19(6) irratti haalonni seera raggaasifaman mana murtiitti wabii hamma hin dhorkamnetti namoonni yakka raawwatan jedhaman mirga wabiidhaan hiikkamuu qabu. Namoonni mirga wabiitiin shakkaman akka yakkamtoota ilaalamuu dhabuu dabalatee haqa argachuun mirga namummaati. Komishiinarri komishiinii mirgoota namummaa Itoohiyaa kaan ta’an Dr Daani’eel Baqqalaa akka jedhanitti “qaamonni seera dambii mirga wabii kabachiisuu; mirga wabii dhoorkuu kan dandamu yoo haala addaatiin sababa gahaan jiraatee fi dirqama barbaachisaa ta’e qofaadha,” jedhaniiru. Komishinarri dabalataanis akkas jedhaniiru: “keessumaayyuu yeroo kanatti koronaavaayiras ittisuu fi saaxilamumaa dhukkubbichaa hir’isuuf namooni manneen hidhaa jiran hir’isuuf mootummoonni naannolee fi Federaalaa tarnkaaffiwwan jajjabeessaan fudhatamaa jirutti; sababa gahaa alaafi dirqama osoo hin ta’ini namoota gara hidhaatti galchuun danqaa uumuun mirgoota wabii danquun gonkumaa barbaachisaa miti.” Keessumaayyuu guyyaa kanatti guyyaa namoonni himannaa dura hidhaman ittisuurratti hundaa’uun qaamonni dhimmi ilaallatu manneen hidhaa adda addaatti himannaa duraa achitti argaman seera qabeessummaa, sababa gahaafi barbaachisummaasaa qorachaa mirga wabii kabachiisuun mirgoonni heera mootummaa, dambiiwwaan idil addunyaa fi sanadoota mirgoota namummaa Afriikaa irra jiran akka kabachiifamanii fi kabajan komishiinar Dr Daanli’eel yaadasaanii ibsu.
oduu-44280163
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44280163
Afrikaatti tajaajila baqaqsanii yaaluu booda namootni dachaa tahan ni du’u
Afrikaatti dhukkubsatootni tajaajila baqaqsanii yaaluu erga argatanii booda carraan du'uusaanii kan adunyaarraa gidduu galeessaan dacha lama ta'usaa qorannoon mul'ise.
Afrikaarraa tajaajila baqaqsanii yaaluu sasalphaa booda carraan lubbuun hafuusaanii xiqqaadha Garuu waan sodaachisaan adda bahe tokko namootni hammam tahan carraa baqaqsanii yaaluu filatamaa tahe argatu kan jedhudha.Kunis tajaajila baqaqsanii yaaluu karoorfamaa tahe jechuudha. Akka qorannoon barruu medikaalaa laanseet jedhamu keessatti maxxanee bahe agarsiisutti,lakkoofsi tajaajila baqasanii yaaluu hojjetamu isa barbaadamu irraa dachaa 20'n gadi bu'aa dha. Hanqina tajaajilichaas du'aatii dhokataa ykn sagalee hin qabne jechuun waamu. Miiltoo barreffama qorannichaa kan tahe piroofeeser Biruus Biikaardi,Yuunivarsiitii Keepi Taawon irraa,Ze Gaardiyaanitti akka himetti rakkinichi hanqina ogeessota medikaalaaa fi buufataalee fayyaa tajaajilichaan booda hordoffii itti taasisaniiti jedha. Sababni guddaan uummatni Afirikaa tajaajila baqaqsanii yaaluu Kanaan miidhamus hanqina humna namaa tahuusaati jedhan. Adunayaarraa namootni erga tajaajila baqaqsanii yaaluu argatanii du'an, 1% yoo tahan, lakkofsi kun lammilee Afrikaa dhukkubsatanii tajaajilicha argataniif gara 2.1% ol ka'a. Afrikaatti dhukkubsatootni yaalii kana argatan irra jireessaan dargaggotaa fi carraan miidhamuu isaanii xiqqaa tahus, tajaajila baqaqsanii yaaluun booda Carraan du'arraa ooluu isaanii isa kan adunyarraa gadi bu'aadha, akka gabaasichi jedhutti. Dhukkubsatootni Afrikaa keessaa dabalataan dhukkubuma salphaa taheef tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuun,akkasuma dhibee sasalphaa biraaf saaxilmu. Tajaajilli baqaqsanii yaaluu beekamaan amaleeffatame kan yeroo dahumsaa taasifamu[caesarean delivery] 33% kan qabatuu dha. Kun qorannoo guddaa yeroo kamiyyuu caalu akka Afrikaatti gaggeefame yoo tahu,xiinxala odeeffannoo manguddota dhukkubsatan 11,422 biyyoota 25 kan akka Itoophiyaa,Naayijeeriyaa,Gibtsi,fi Afrikaa Kibbaa irraa hamate dha. Biyyota kanneen keessa tajaajila jiru wal madaalsiisuun waanti taa'e hin jiru sababni isaa immoo haammi tajaajila baqaqsanii yaaluu xiqqaan isa eegameen gadi waan gaggeefamuuf, jedhu qorattootni. Xiinxala-Tuulip Maazuumdar,Gabaasaa fayyaa Adunyaa ogeessotni tajajila baqasanii yaaluu dursuun qulqullinaraa jiru garuu investimentii guddaan barbaachisa Qorannoon kun hojii deeggarsa barruu laanseet dhimmaa baqaqsanii yaaluu adunyaarraatti bara darbe hojjetamee, namootni biiliyoona shan tahan tajaajila baqaqsanii yaaluu eeggannoo qabu hin argatan jedhu irratti hundaa'uun gaggeefame. Biyyoota gammoojii Sahaaraan gadii keessaa namoota 10 keessaa tokko [1]qofaatu tajaajila baqaqsanii yaaluu bu'uuraa argata.Kanumayyuu yommuu argatan carraan Dhibee Biraaf Saaxilamuu Ykn Sababa Kanaan miidhamuusaanii kutaa biyyota kaanii caalaa baay'ee olka'aadha. Kuni hundinuu sababa hanqina sirna fayyaa qindaa'aa, humna namaa ykn ogeessotaa fi dhukkubsatootni tajaajila barbaadan dhabuu irraa kan dhufe dha.Tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuun dhimma guddaa miti, erga tajaajilamanii booda kunuunsa fayyaa argachuu dha malee. Dhukkubsatootni erga yaalamanii booda beellamaan dedeebi'uun hordoffii taasisuu qabu garuu maatiinsaanii baay'inaan mana yaalaa irraa fagaatanii waan jiraataniif kaffaltii dedeebi'anii ittiin yaalaman haguuguun itti ulfaata. Akkasumas barreessitootni qoranichaa tajaajila baqaqsanii yaaluu kana dabaluun gaarii dha garuu tajaajilichi qulqullinaa fi gahumsa qabaachuu qaba jedhu. Tajajilicha kennuuf meeshaaleen barbaachisan guutuu miti yoo tahe carraan tajaajilicha booda dhukkubaaf saaxilamuu akka malee to'annootiin ala dabaluu danda'a.
oduu-53467134
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53467134
Koronaavaayiras: Zimbaabween namoota seera Covid-19 'cabsan' 100,000 hiite
Zimbaabweetti erga baatii Bitooteessaa asiitti seera Covid-19 ittisuuf ka'ame cabsaniiruu jechuun namoonni 105,000 ol to'annaa jala olfamuu poolisiin beeksise.
Namoonni gara 1,000 ta'anis sababii 'sochii hin barbaachiifne' ykn maaskii kaawwachuu dhiisuun walqabatee guyyoota lamaan darban keessa to'ataman. Biyyattii keessatti namoonni 1,500 ta'an vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, ugguuri kaa'amee ture xiqqoo laafifameera. Haata'u malee, qeeqxoonni mootummaan seera dhukkubicha ittisuuf baheen mormitootaafi rogeeyyii irratti xiyyeefateera jedhanilleen mootummaan haaleera. Mormitoonniifi gareewwaan Hawaasa sivilii pirezidaantii Emaran Minaangaagwaa aangoo akka gadhiisaniif gaafachuuf Adooleessa 31tti hiriira biyyattii guutuutti bahuufuu waamicha taasisaa jiru. Seerawwan ammaa jalatti, lammiilee biyyattii biyya alaatii deebii'an hundi dhaabbilee mootummaan mirkaneessee keessaa torban sadiif adda baafamuun turuu qabaatu. Akka poolisiin jedheettis, namoonni 279 ta'an, kanneen vaayirasichi irratti argame dabalatee, jiddu galawwan turmaataa keessaa baqataniiru. Isaan keessaas 30 kan to'ataman yoo ta'u, maatiifi hawaasa vaayirasichaaf saaxiluu isaanitiif mana murtiitti kan dhiyeeffaman ta'uu poolisiin himeera. Isaan keessattis dhiiroonni miseensoota maatii torba vaayirasichaaf saaxilaman akka argaman TVn biyyattii gabaaseera. Namoonni baayyee seera kabajuuf waan didaniifuu tarkaanfii cimsuuf dirqamuu poolisiin biyyattii dabaluun himeera. Bakkeewwan dhoksaa dhugaatiin itti dhugamu banamaniiru, akkasumas gordubeetti 'dorgommiin dhugaatii biiraa' eegalameera jedha poolisiin haala jiru wayita ibsu. ''Kanneen seera cabsan hunda ni to'anna,'' jedha dubbi himaan Pool Nyaatii akka TVn biyyattii gabaaseetti. Uggurri Zimbaabweetti tatamsa'ina vaayirasiichaa ittisuuf kaa'ameen dinagdeefi haala siyaasa biyyattii balaaf saaxileera. Mootummaanis dinagdeen biyyattii bara kana %4.5n akka hirratu eega. Akkasumas, qalaa'insii waggaa baatii Waxabajjii keessaa %785 ol ka'e. Pirezidaantii biyyattii kan qeequmsaa irra deebiin hin fudhannee irratti mormii bahuuf waamichi gaggeefamaa jiraachuu gabaasaan BBC Wiil Roos gabaaseera. Namoonni mormiidhaaf daandiitti kan bahan yoo ta'e ammoo hedduun hidhamuu maluus jedheera gabaasaan kun. Haaluma walfakkaatuunis, biyya ollaa kan taatee Afriikaa Kibbaa keessattis poolisiin namoota kuma 230 kanneen seera ugguraa cabsaniiru jedheerratti himannaa baneera. Afriikaa Kibbaatti hanga ammaatti namoonni kuma 320 ta'an vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, kanneen 4,600 ta'an ammoo lubbusaanii dhabaniiru. Kunis Afriikaa keessatti isa olaanaa kan jedhame yoo ta'u, pirezidaantiin biyyattii Siriil Raamaafoozaan ''Ammalleen balaa hamaatuutu nurra jira,'' jechuun kan akkeekachiisan torbanuma darbe kana ture.
oduu-54847402
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54847402
Tigiraayitti 'haleellaan qilleensarraa jiraachuu waan danda'uuf jiraattotni magaalatti akka walitti hin qabamne' MM Abiy Ahimad himan
MM Abiy Ahimed mootummaan federaalaa naannoo Tigiraay keessatti tarkaanfii fudhataa jiruun haleellaan qilleensarraa jiraachuu akka danda'u himan.
Abiy Ahimed ibsa televizhinii biyyaaleessaa biyyichaa irratti afaan Tigiriffaan dubbataniin haleellaan qilleensarraa gaggeefamu namoota nagaa irratti kan xiyyeeffate akka hin taane himanii garuu bakkeewwan humnootni balaa qaban jedhanii waaman qabatan irratti akka qiyyeeffatu ibsan. ''Haala kana keessatti wanti hin eegamne akka hin uumamneef jiraattotni naannoo magaalaatti walitti qabamtanii socho'uu akka hir'istan isinan hubachiisa'' jedhan. MM Abiy mootummaan federaalaa bulchiinsa naannoo Tigiraay TPLF irratti waraana bane ''dirqamnee waraana itti galledha'' jedhan. Uummata kabajamoo, humni ittisaa rafee osoo jiruu haleelameera. Adunyaan osoo arguu haleellaa raawwate kan jedhan Abiy ''miseensota TPLF hunda miti diinni keenya'' jedhan. ''Diinni keenya TPLF keessa humna jirudha'' jedhan. MM Abiy erga aangootti dhufanii biyya nagaa gochuufi badhaadhina fiduuf hojjechaa turuu himanii amma garuu '' TPLF keessa humni gantuu jiru imala keenya gufachiisaa tureera'' jedhan. Misooma gufachiisaa ture. Humni kun uummatni Tigiraay uummata Itoophiyaa irraa adda bahuun nageenyaa fi badhaadhina irraa akka hin hirmaanne taasiseera'' jedhan. TPLF heera mootummaa cabseera jechuun qabxiileen shan kaasan: • Murtee seerota paarlaamaa bahan fudhachuu dhabuu • Seeraan ala dhaabbilee idil-adunyaa fi biyyoota waliin hariiroo jalqabuu • Biyya keenyaa fi adunyaa guutuu irratti weerara koroonaavaayirasii uumameen filannoon akka dheeratu murtoo manni Maree federeeshinii dabarse cabsuun filannoo seera qabeessa hin taane gaggeessuu • Mootummaa federaalaa fi naannoof karaa beekkamtii hin qabneen hariiroo addaan kutuu • Humnoota badii naannolee kaan keessa jiran waliin tahuun jeequmsa kaasuun lubbuun lammiilee nagaa akka badu gochuu eeraniiru. Dabalataan tajaajilli ibsaa fi bilbilaa addaan citee ture TPLF'n akka raawwate ibsuun uummatni Tigiraay humna raayyaa ittisa biyyaa waliin hiriiruun gara misoomaatti akka deebi'amuuf MM Abiy waamicha dhiyeessaniiru.
oduu-51126619
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51126619
Bineensota bosonaa Itoophiyaa: Saawudiin daddabarsitoota hamaaketa boorsaatti qabatanii galuuf yaalan to'atte
Humnoonni nageenyaa Saawudii namoota karaa seeraan alaan hamaaketa gara biyyattiitti galchaa turan to'annoo jala oolchaniiru.
Miidiyaan Saawudii akka gabaasetti daddabarsitoonni seeraan alaa kunniin miilaan gochuun Yaman keessa karaa dheeraa qaxxaamuruun daangaa Saawudii qaqqaban. Eegdonni nageenyaa daangaarraa boorsaa jarri baatan keessatti waan sosocho'u wayii argan. Boorsichi oggaa banamu hamaaketonni keessatti argaman. Bineensonni kun biyyoota Gaanfa Afrikaarraa gara biyyoota galoo galaanaatti daddabarfamuun, akka bineensota manaa madaqfamuuf gurguramu. Miidiyaan Saawudii Al-Madina jedhamu, hamaaketoota qabaman sadan jedhee viidiyoo Youtube gubbaa maxxanseera. Warri kunuunsa bineensotaa irratti hojjetan, hedduun bineensota akkasii imala gubbaatti lubbuu dhabu jeedhu. Daldalli seeraan alaa akkasii lakkoofsa hamaaketaa biyyoota Itoophiyaa fi Somaaliyaa keessa jiru akka yaaddoo keessa seenu taasiseera. Mootummaan Itoophiyaa quba qabaa? Ilmooleen hamaaketaafi leencaa Itoophiyaarraa qabamuun gara biyyoota Baha Giddugaleessaatti, Somaalilaandiin godhanii akka bahan mootummaan odeeffannoo akka qabu BBCn odeeffateera. Abbaa Taayitaa Kunuunsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaatti, Daarektara To'annoo daddabarsa Bineensota Bosonaa kan ta'an Obbo Daani'el Phaawulos, maddi daddabarsa seeraan alaa kun baayyinaan naannoo Somaalee irraati jedhu. Maloota daddabarsitoonni naannoo sana jiran itti fayyadaman keessaa tokko, jerikaana keelloo bishaan itti waraaban keessa, ilmoolee hamaaketaa afur naqanii wayita deeman kan qabamanis jiru. Ji'atti ilmooleen hamaaketaa yoo xiqqaate afur tahan biyyaa bahuuf yoo jedhan akka qabaman ogeessi kun BBCtti himaniiru. Bineensota qabaman kanneeniifis wiirtuun kunuunsaa akka jirus nutti himaniiru. Abbaan Taayitaan kunis qaamolee garagaraa waliin qindoomuun daldala seeraan alaa kana to'achaa kan jiru tahus, daddabarsitoonni seeraan alaa yeroo yeroon tooftaa jijjiiruun isaanii danqaa guddaadhas jedhan. Warri daldala kanarratti hirmaatan daangaa Itoophiyaa keessatti ilmoo hamaaketaa tokkoof Birriin 15,000 kan kanfalamuuf yogguu tahu, gabaa gurraacha biyyoota baha giddugaleessaatti haga doolaara 10,000 yookaan Birrii Itoophiyaa 300,000 olitti gurguramu. Hamaaketa dahoo 'Insisaat Kottee' keessatti argaman Gabaasa amma dura BBCn hojjete keessati, hamaaketaa fi bineensota bosonaa biroo Itoophiyaarraa seeraan alaan daddabarfamuuf jedhan oolfamuun gara dhaabbta Born Free magaalaa Hoolataatti argamutti kan geeffaman jiru.
oduu-55226631
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55226631
Baayidan seenaa US keessatti yeroo jalqabaaf nama gurraacha ministira ittisaa gochuuf kaadhiman
Pirezidantii US kan ittaanu ta’uun kan filataman Joo Baayidan jeneraala sooramarra turan Looyid Oostin ministira ittisaa gochuun kaadhimmattan jechuun miidiyaaleen US gabaasaa jiru.
Generaaltichi nama gurraacha jalqabaa Peentaaganiin dursan ta'u Namni ganna 67, Jeneraal Oostin lammii Ameerikaa - Afriikaa Peentaaganiin dursu isa jalqabaa ta’a. Yeroo bulchiinsa Obaamaatti Ajaja Giddu-galaa dursaa kan turan Jeneral Oostin, erga soorama bahanii ganna torbaa gadi waan ta’eef, koongirasiin muudama kanaaf deeggarsa gochuuf qaba. Baayidan kana kan murteessan erga muudama olaanaa biraa garee nageenyaa isaanii keessatti kennanii torban lamaa asittidha. Mr Baayidanis ta’e Jeneraal Oostin, dhimma kanarratti ammallee omaa hin jenne. Miidiyaaleen biyyattii angoo kanaaf Peentaagan keessa yeroo dheeraaf kan tajaajilan Misheel Filoornooyi ni muudamu jechuun tilmaamaa turan. Osoo muudamni kun ragga’ee, Misheel dubartii jalqabaa dhaabbata kana dursan ta’u ture. Mr Baayidan filannoo Sadaasa 3, 2020 taasifame injifachuun Amajjii dhufu irraa keessa akka pirezidaantiitti muudamuuf eegamaa kan jiru ta’us, angoorra kan jiran Tiraampi garuu ammallee mo’amuusaanii hin amanne. Baayidaniifi Generaal Oostin yeroo bulchiinsa Obaamaatti walitti dhiyeenyaan hojjachaa turani Jeneraal Oostin eenyudha? Murtee Baayidan ministeera ittisaa akka dursaniif Jeneraal Oostiiniin muuduuf fudhatan miidiyaa Poolitiikoo jedhamutu namoota dhimmicha beekan sadii eeruun gabaase. Jeneraalichi kana dura filatamuuf carraa xiqqaa qabu jedhamaa kan ture yoo ta’u, tibbana garuu dorgomaa cimaa fi filannoof mijataa ta’aniiru jedha gabaasichi. US’tti miiltoo miidiyaa BBC kan ta’e CBS, boodarra namoota dhimmicha beekan hedduu eeruun gabaaseera. Jeneraal Oostin angoo kanaaf akka filannoo dansaatti kan fudhataman gareewwan Eeshiyaa, Gurraachota fi Laatiinoo paartii Dimokraatotaa keessa jiran, Baayidan angoowwan gurguddoo akkasiirratti namoota hawaasa lakkoofsaan xiqqaa keessa dhufan akka muudaniif waamicha dhiyeessaa wayita jiranittidha. CNN gama biraatiin Baayidan generaaltichaaf muudama kana dhuma torbee darbeerra akka itti kennaniifi oostiinis fudhachuusaanii CNN madda eeruun gabaaseera. Jeneraalli sadarkaa urjii afurii qabana kun, 2013-16’tti Ajaja Giddu-galaa US itti gaafatamummaan isaa Giddu-gala Bahaa, Giddu-gala Eeshiyaa fi gariin Kibba Eeshiyaa ta’e dursaa turani. Sana booda hoogganaa I/A waraanaa akkasumas generaala isa dhumaa humnoota US Iraaq keessaa ta’uun tajaajilani. Baroota bulchiinsa Obaamaa Baayidan pirezidantii itti aanaa turanitti, namni kun itti dhiyeenyaan hojjachaa turani. Haata’u malee, angoowwan kan dura qaban kan akka miseensummaa boordii dhaabbata nageenyaa Reeyitiyoon jedhamuun wal-qabatee danqaawwan isaan mudachuu akka danda’u, CBS gabaaseera.
oduu-52873376
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52873376
Saawwan jaarsa waggaa 82 haadha warraa biraa jiinfachuun galaafatan
Jaarsi waggaa 82 osoo haadha warraa isaanii waliin karaarra deemanii saawwan jinfachuun du'aaf saaxiluu poolisiin hime.
Ambulaansiin haadha warraa haarsa ajjeefame hospitaala geessiteetti Kuni kan ta'e biyya UK'tti gaafa Sambata darbedha. Bakki taateen kun itti mudatees Yorkishaayer Deels jedhama. Maanguddoonni abbaa warraafi haati warraa suuta daandiirra deemaa turanis haalli akkasii uni nu mudata jedhanii hin eegne ture. Poolisiin Noorz Yoorkishaayer akka jedhetti akkuma balaan maanguddoo kanarra waaree booda 9:45 irratti mudate lubbuu baraartoota gara sanatti ergee ture. Ta'us garuu jaarsi horiidhaan miidhaman yeroosuma lubbuun isaanii dabarte jedhameera. Haati warraa isaanii kan umuriin 78 garuu miidhama xiqqoo malee lubbuun isaanii hin dabarre. Tajaajila fayyaa dabalataa akka argataniif ambulaansiidhaan gara hospitaalaa geeffamaniiru jedhameera.
oduu-50916294
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50916294
Feesitivaala daangaan Itiyoo- Eertiraa banamuu yaadachuuf sababeeffachuun qophaa'e
Fulbaanni 1 ALI bara 2011 guyyaa dangaan Itiyoo-Eertiraa itti banameefi maatiiwwan ijaan wal arganii hinbeekne ijaan itti walarguun qaamaan itti wal hammataniidha.
Sababa daangaa nam-tolcheetiin ykn namni sararuun qofaan yeroo garaa garaatti addunyaarratti sababii daangaatiin hedduun lubbuu dhabaniiru. Haaluma kana fakkaatun ture namoota daangaa Itoophiyaafi Eertiraa irra jiraatan sababii waraanaatiin, isaan booda ammoo nageenya dhabiinsaan walqabatee firoota isaaniin adda bahanii turaniiru waggoota 20 oliif. Wayita oduun daangaan banamuu dhagahameetti, suraawwan miira namoota hedduu xuqaniifi viidiyoowwan midiyaadhaan darbaa tureera. Suuraawwan wayita haatiifi ilmoon, hirriiyoonni, ollaan durii mul'isan bal'inaan qoodamaa turan. Erga daangaan Itiyoo-Eeritiraa saaqameen baatiiwwan muraasaan booda sararriiwwan adda addaa deebii'ee cufame. Haa ta'u malees miira saaqamuun daangaalee kanneeni irratti hundaauunagarsiisa fesitivalli viidiyoo tokko harra ni saaqama. Feesitivaalli waggaa lama lamaan qophaa'u kunis barana marsaa sadaffaaf kan qophaa'eedha. Ka'umsa isaa saaqamu daangaa Itiyoo-Eertiraa haa taasifatu malees, seenaawwan addunyaa kanneen daangaan walqabatan ilaaluuf kan karoorfateedha. Kanaafis oggeessoonni 18 kanneen biyyoota 11 irraa babahan affeeramaniiru. feestivaalli mata duree daangaa waliin ykn 'Mutual Periphery' jedhamu kanis lammilee Itoophiyaa sadii; Kibroom Gabramadihin, Hiliinaa Mataafariyaa fi Tederoos Kifile jedhamaniin kan qophaa'eedha. Fakkeenyaaf viidiyoon Tediroosn qophaa'ee miirawwan gammachuu wayita daangaan banamu ture kan mul'isuudha. Hojii gara biraa oggeessoota biyya Ukireenii dhufanii qixxeeffame ammoo dargaggoonni haala attamiin waraana akka ibsan kan agariisuu ta'u qopheessitonni fesitivaalichaa ni himu qopheessitoonni. Qopheessaafi hundeessaan fesitivaala kanaa Iziraa Wube BBC'tti akka himeetti dhimmi daangaa dhimmaa addunyaa waan ta'eef, taatee itoophiyaafi kan Eertiraa ka'umsa taasifachuun muxannoo biyyoota hedduu oggummaan kanaan ibsuun ni danda'ama jedha. ''Tokko Maaleshiyaa irraa kaan ammoo Naayijeriyaarraa ta'uyyuu tokkuma. Oggummaa kanaanis attamiin riqicha walfakkaatu uumuun akka danda'amu agarsiisuun ni danda'ama,'' jedha. Viidiyoowwan agarsiisicha irratti mul'atanis attamiin garaa garummaan bakka jiruutti wal dabda'u akka danda'amu, nageenyaaf dursi akka itti kennamuufi walitti dhufeenya maatii cimsuuf akka gargaaran amantaa isaa hima. "garaa garummaan jiraatulleen, bakka waliin itti waliigalamu riqicha umuun barbaachisaa natti fakkaata,'' jedha. Festivaal Addis viidiiyoo Aart jedhamu kunis waggoota darban manneen xajjii, Finfinnee daandiiwwan akka Chalchil irrattiifi bakkeewwan namoonni hedduu itti nagadatan kan akka Markaatoo fa'iitti faa agarsiisuu himu. Kunis hojiiwwan aadaa ummatatti dhihoo akka taasisu hima Iziraan. Haaluma walfakkaatuun bara kanas viidiyoo daandiiwwan fi bakkeewwan ummanni itti baayyatuutti agarsiisuuf karoorafachu hima. Haaluma kanaanis har'aa galgala Jiddugala Oggummaa gabra Kiristoos Dastaatti saaqamuun, guyyoota torbaaf kan turu ta'u hima. Dhumarrattis mana Xajjii Jimmaatti uffata gaabii irratti viidiyoo agarsiisuun kan xumuramuudha jedheera Iziraan.
oduu-54655900
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54655900
Mormii tibbanaan Naayijeeriyaatti namoonni 69 ajjeefamu Pirezidant Buhaarii himan
Mormii 'gara jabeenyaa' poolisiirratti lammiileen Naayijeeriyaa gidduu kana bahaniin walqabatee hanga yoonaa namoonnii 69 ajjeefamuu Pirezidantiin biyyattii Muhaammadu Buhaari himan.
Mormiin torban lama dura eegale Kanneen lubbuu dhaban lammiilee nagaa, poolisoota, akkasumas miseensota waraanaa ta'u ibsan. Gareen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal jalqaba torban kanaa yoo xiqqaate namoonni 56 ajjeefamuu akka hin oolle ibsee ture. Gareen dura aantummaan ummata daandiitti baasuuf waamicha taasisaa ture ammatti ummanni mana akka turu ergaa dabarseera. Daandileen magaalaa guddoo Naayijeeriyaa, Leegos, yeroo ammaa namni irrati hin mul'atu. Ta'us, namoonni yaaddoo qabu. Mormiin kuni torban lama dura kan eegale yoo ta'u garee poolisii 'gara jabummaan' himatamuufi Special Anti-Robbery Squad (Sars) jedhamu akka diigamu gaafachuun eegale. Gareen poolisii kuni diigamuus garuu mormiin itti fufe. Artistoonni mormii deeggaruu Artistoonni bebbeekamoon addunyaa Rihaanaa, Kanye West, Nikii Minaaj fi Biyoonseen mormii lammiileen Naayijeeriyaaa gocha gara-jabinaa poolisii biyyattiirratti gaggeessaa jiran deggaran. Lammiileen biyyattii hiriira mormii gaggeessaa jiran garuu yaada deggarsa Biyoonseen agarsiiftetti hin gammanne, sababni isaas ifaa miti. Komediyaaniin lammii Afriikaa Kibbaa ta'e Tirevor Noohi ammoo akkuma US keessatti argaa jirru, Naayijeeriyaa keessattis wayita poolisiin hiriira mormii uummataa humnaan cabsu argineerra jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse. Waltajjii idila-addunyaarratti beekamtii kan qabanii fi jaalalaa fi kabaja uummata addunyaa biraa kan qaban namoonni kunneen karaa miidiyaa hawaasummaa deggarsa hiriirtota Naayijeeriyaaf agarsiisuuf duula eegalanii jiru. Weellistuu Rihaanaan suuraa alaabaa Naayijeeriyaa dhiigaan faalame tiwiitarii irratti maxxansite. Dhalli namaa akka hin taanetti wayita dararamu teenyee ilaaluu caalaa wanti nama gubu hin jiru jechuunis barreessite. Weellistuu Nikii Minaaj ammoo ''Sagaleen keessa dhagahamaa jira'' jechuun kallattummaan hiriirtotatti dubbatte. Lammiilee Naayijeeriyaa falmataa jiran bira nan dhaabbadha, nan kadhaaf jette. Weellistuu Biyoonseen ammoo karaa dhaabbata tola ooltummaa ishee, waan dabarsite qabdi. Dhimmishee garuu gaaffii guddoo kaase. ''Gocha gara jabinaa Naayijeeriyaa keessatti raawwatamaa jiruun onneen kiyya daran gadditeetti. Qaamolee biroo waliin ta'uun deggersa fayyaa, midhaan nyaataa fi iddoo da'annoo ni deggerra'' jette. Yaadishee kun garuu hawaasa biratti fudhatama guddaa hin arganne. ''Eenyutu Biyoonseedhaan beelofneerra jedheen?'' namni meeshaalee dijiitaalaatiin hojii hojjetu Papi Jay. Namni kan biraan Mersii Ehimare jedhamtu ammoo ,''Nuti akka beela hin qabne namni dubartii kanatti nuuf himu hin jiruu? Qabsoo lubbuun jiraachuuf taasifnu nama nu bira dhaabbatee nu deggeru barbaanna nuti'' jechuun deebisteef. Namoonni tiwiitara irratti yaada kennan kunneen akka waan Biyoonseen akka hiyyeeyyiitti isaan ilaaluun isaan tuffatteetti yaadanii mufatan. Kanarraa kan hubatamu hiriirtonni kan barbaadan nama isaan bira dhaabbatee sagaleessaanii waltajjii addunyaatti baasu malee nama midhan nyaataa isaaniif dhiyeessu miti. Hordoftoota miiliyoona 15 tiwiitarii irraa kan qabdu Biyoonseen ergaan isheen maxxansitu nama hedduu bira hatattamaan ga'a.
oduu-41125660
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41125660
Keenyaan irra deebiin filannoo akka gaggeessituuf murtaa'e
Manni Murtii Olaanaa Keenyaa filannoon Uhuuru Keeniyaataan akka mo'atame ibsamee ture haqamuun filannoon irra deebiin guyyoota 60 keessatti akka gaggeefamu murte dabarse.
Murtee Manni murtichaa dabarseen booda deeggartoonni paartii NASA haala kanaan gammachusaanii ibsaa jiru. Filannoon walii galaa fi pireesidaantii Keenyaa A.L.A Hagayya 8, 2017 gaggeefamee, Uhuuru mo'achuu isaa labsamuun ni yaadatama. Haa ta'u malee dorgomaan paartii mormitootaa NASA Raayilaa Odigaa sagaleen filannichaa karaa kumputaraatiin hatameera jechuun dhimmicha mana murtii waliigalaatti dhiyeefatan. Manni murtichaa dhimma iyyatamee torban tokkoof erga gama lamaan irraayyu dhaggeefataa tureen booda har'a Fulbaana 1, 2017 sagalee caalmaadhaan murte irratti kennee jira. Manni Murtii waliigalaa Kenyaa miseensa abbootii seeraa torba kan hammatu yoo ta'u, abbaan seeraa tokko sababii dhukkubbiitiin argamu yoo hindandeenye illeen sagalee afurii fi lamaatii caalmaa argachuun murticha dabaree jira. Haaluma murtichaatins Keenyaan guyyoota 60n dhufan keessatti filannoo biraa gaggeessuutti irraa eegama. Koomishiniin Walabaa Filannoo fi Daangaalee biyyattii IEBC'n, murticha hordofuun jijjiirama keessoo akka taasisu beeksisee jira. Murtichaan boodas deeggartoonni dorgoomaa paartii mormitootaa NASA Raayilaa Odiingaa magaalaa huddittii biyyaattii Naayiroobii fi bakkeewwan deeggartoonni isaa keessatti baayyatanitti hallaa adda addaatiin gammachu isaanii yoo ibsatan ni mul'atu.
oduu-46698705
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46698705
Misheel Obaamaa Hiilaarii Kiliintan caaluun 'dubartii hedduu dinqisiifatamtu' taate
Giifti dureen Ameerikaa duraanii Misheel Obaamaa 'dubartii Ameerikaa keessatti hedduu dinqisiifatamtu' kan baranaa ta'uun olaantummaa Hiilaarii Kiliintan waggoota 17'f turetti xumura gootee jirti.
Misheel al sadi Hiilaariitti aanuun lammata taate xumuerteetti Filannoo waggaa waggaan raawwatu kan baranaa irratti kaadhimamtuu pireezidantii, barreessituu haajaa alaa akkasumas giiftii duree kan turte Hiilaarii Kiliintan sadaffaan xumurteetti. Giiftiin Biriteen Elizaabeet 2ffaa yeroo duraaf tarree namoota 10 keessa galteetti jedha kaamapaniin 'Gallup'. Pireezidantiin duraaii Baraak Obaamaan waggoota 11'f walitti aansuun 'dhiira hedduu dinqisiifatamu' ta'anii filatamaniiru. Donaald Tiraamp ammoo waggoota afuriif walitti aansanii sadarkaa lammataa irratti filatamaniiru. Filannoon kun erga bara 1946 as osoo walirraa hin citiin waggaa waggaan raawwataa jira. Bara 1976 qofa kan hafe. Namoonni 1,025 qooda fudhatan addunyaa kam irraayyuu dhiiraa fi dubartii dinqisiifataniif sagalee akka kennan taasifameera. Dubartii Hedduu Dinqisiifatamtu Dhiira Hedduu Dinqisiifatamu Hiilaarii Kiliiintan yeroo 22 kan filamte yoo ta'u waggoota 17 darbaniif walitti aansitee filamte. Opirah Winfirey tokkoffaa ta'uu dhabdus yeroo 14 lammata taatee filamtee jirti. Gama dhiirotaan waggoota 12'f mo'achuun rikoordii qabatee kan jiru pireezidantii duraanii Diwaayit Eeyizenhower yoo ta'u, Baraak Obaamaa bara dhufu kan injifatu yoo taate ittiin qixxaata. Tiraamp pireezidantoota osoo aangoorra jiranii waan kana injifatuu dhaban lama keessaa tokkicha. Kan hafe Jeeraald Foordi. 'Gallup' akka jedhutti, filannoon Mudde 3-12 filatame kun bu'aan filannichaa dogoggora dhibbeentaa muraasaa ykn dabaluu ykn hir'isuu qabaachuu mala. 'Gallup' kaampanii gorsaa Ameerikaati. Qo'annoof qorannoo adda addaa kan taasisu yoo ta'u filannoowwan hawaasa hirmaachisan akka kanaan beekama.
oduu-53033240
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53033240
Obbo Nigusuu Xilaahun: 'Caffeen Tigraay filannoo gaggeessuf murtiin dabarse heeraan ala'
Manni Maree Naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf murtiin dabarse heeraan ala jedhe mootummaan federaalaa.
Hogganaan Pirees Sekiretaariyaati Waajjira Ministira Muummee Obbo Nigusuu Xilaahun miidiyaa mootummaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dubbii dubbataniin tarkaanfii mootummaan fudhatu himaniiru. ''Manni Maree Naanoo Tigraay filannoon haa gaggeeffamu jedhee murteessuun isaa heeraa kan cabsu waan ta'ef mootummaan murtee Boordii Filannoo kabajee ni raawwachiisa,'' jechuun himan. Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii waldhibdeen dhaaba kana dura olaantummaa qabu, Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT), fi mootummaa federaalaa cimeera. Guyyaa kaleessaa murtee kana dura Paartii naannicha bulchuun murtaa'e ture Manni Maree Naannoo Tigraay raggaasisuun ji'a muraasa keessa filannoon akka gaggeeffamu murtesseera. Heerri Itoophiyaa keewwatni 102 ifatti filannoo raawwachiisuuf aangoo guutuu kan kennu Boordii Filannoo Biyyaalessaatiifi. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa immoo kana dura filannoo sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo gaggeessuu akka hin dandeenye ibsuun filannoon yeroo biraatti darbeera. Ministirri Muummee Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa fuula fesbuukii isaanii irratti ergaa dabarsaniin paartilen mormituu qophii filannoo taasifamu irratti mootummaa waliin akka hojjetan waamicha dhiheessaniiru. Haa ta'u malee, dhimma naannoon tokko qofaatti filannoon gaggeessa jedhe irratti waan dubbatan hin qabani. Obbo Nigusuun maal jedhan? Murtee Naannoo Tigraay booda yaada isaanii kan ibsan Obbo Nigusuun ''Boordiin Filannoos aangoo heeraan qabun waan godhu ni godha amantaa jedhuun qaba,'' jechuun dubbataniiru. ''Kunis, Raayyaan Ittisa Biyyaa walaba ta'e akkuma birmadummaa biyyaafi heera akkuma kabachiisu aangoo Boordii Filannoof kennames hunduu kabajuu qaba,'' jechuun himan. Kanaan ala, qaama aangoo boordichaa qaamni sarbu yoo jiraate mootummaan gidduu akka seenu himan. ''Qaamni mootummaa hojiifi aangoo boordii filannoo keessa seenuun yoo laaqe itti-gaafatama malee socho'uu waan ta'ef mootummaan murtee Boordii Filannoo ni kabaja, ni raawwatas,'' jechuun dubbatan. Kana dura Boordiin Filannoo Biyyaalessaa olaantummaa mootummaa biyya bulchuun socho'aa ture jechuun paartileen mormituu yeroo hedduu himataa turan. Erga MM Abiy aangootti dhufani as miseensi duraanii paartii mormituu Aadde Birtukaan Miidhaksaa akka hogganan ta'eera. Kunis, garee falmitoota mirga namoomaa biratti MM Abiy Ahimad fudhatama guddaa akka argatan taasiseera. Obbo Nigusuun 'seenaa Itoophiyaa keessatti boordiin filannoo walaba ta'e akka ta'e sosso'u hundaa'eera' jechuun mootummaan federaalaas ta'e naannoo aangoo boordichaa keessa seenuu hin danda'an jechuun dubbatan. Obbo Nigusuun yeroo ammaa xiyyeeffannoon mootummaa weeraricha qolachuun alatti dhimmi Hidha Abbayyaa akka ta'e himan. Boordiin filannoo maal hime? Kana dura Koreen Hojii Raawwachiiftuu dhaaba Naannoo Tigraay bulchu sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuuf 'qophiin akka eegalamu' yeroo murteesse Boordiin Filannoo adeemsa kana qeeqee ture. ''Mootummaan naannichaas ta'e paartiin naannicha bulchaa jiru filannoo gaggeessuun seera qabeessa hin ta'u,'' jechuun EBC'tti himanii turan Walitti qabduun boordichaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa. ''Filannoo naannoo gaggeessuuf yaadanii yoo ta'e kuni adeemsa sirrii miti. Heera mootummaatinis kan deeggaramu hin ta'u,'' jedhan. Qondaalli Paartii Badhaadhinaa Obboo Awwaluu Abdii amma dura yaada BBC'f kennanniin mootummaan naannoo Tigraay filannoo gaggeesuutti yoo seene "cal'isnee teenyee waan ilaallu hin ta'u" jedhanii turan. Naannoon Tigraay filannoo akkamii gaggeessa? Qondaaltonni naannichaa akka jedhanitti murtee Manni Maree naannichaa murteesse bu'uura godhachuun filannoo akka raawwachiisuuf Boordii Filannoo Biyyaalessaaf xalayaan gaafachuuf yaadaniiru. Haa ta'u malee, murteen boordichaa kan kana duraarraa adda ta'a jedhamee hin yaadamu. Hogganaa Biiroo Haqaa Naannoo Tigraay Obbo Amaanu'el Asaffaa turtii BBC waliin taasisaniin Boordii Filannoo malee naannichi filannoo gaggeessuuf akka yaade himan. ''Yoo waamicha fudhatee dhufe filannoon ni taasifama. Yoo waamichaa kabaje hin dhufneefi deebii kennuuf yoo harkifata ta'e garuu naannichi qaama filannoo raawwachiisu hundeessee filannoo gaggeessuuf qophiidha,'' jedhan. Haa ta'u malee, seera filannoos ta'e jaarmiyaan sadarkaa naannootti filannoo gaggeessu waan hin jirreef rakkisuu akka malu ifadha. ''Humna gaafata. Hamma humni danda'een itti deemuudha,'' jedhaniiru Obbo Abrahaam. Akka Obbo Abrahaamitti seera filannoo baasuu dabalatee naannichi qophii filannoo ni gaggeessa. Ogeeyyiin seeraa adeemsi kuni heera biyyattiin ala akka ta'e himu. Sadarkaa heerri kaa'un filannoo haqa, bilisaafi amanamtummaa qabu gaggeessuuf ulaagaa guutuu dhabuu akka danda'u dubbatu. Koronaavaayirasiin yaaddoo itti hin ta'u jedhamanii kan gaafataman Obbo Abrahaam of eeggannoodhaan akka raawwatu himu. ''Haala amma jiruun Koronaavaayirasiin filannoo hambisuuf sababa ta'u hin danda'u. Garuu of eeggannoo guddaa gochuun nurra jira,'' jechuun durumaa mootummaan filannoo gaggeessuuf fedhii hin qabu jechuun himataniiru. Filannoon maaliif darbe? Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufani as filannoon yeroo duraaf baatii Hagayyaa keessa taasifamuuf yaadamee ture. Yeroon suni boodarra ganna keessa yaadni jedhu waan ka'ef ji'uma sana keessa guyyoota muraasa akka achi siqu ta'e. Kanuma keessa garuu ji'a sadii dura sadarkaa addunyaatti weerarri koronaavaayirasii biyya seennaan Boordiin Filannoo adeemsa qophii filannoo adeemsisuu akka hin dandeenye ibse. Dhimma kana irratti kan mari'ate paarlaamaan Itoophiyaa yaada Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhiheesse raggaasisuun filannoon yeroo biraaf akka darbu ta'e.
oduu-53848654
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53848654
'Qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnaa fudhachuurraa of qusachuu qabu'-Komishinii Mirgoota Namaa Itoophiyaa
Komishiniin mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaamoleen nageenyaa tarkaanfii humnaa, kan madaalawaa hin taane fudhachuurraa akka of qusatan waamicha dhiyeesse.
Komishiniin kun hiriira Oromiyaatti gaggeeffamaa jiruu fi miidhaa qaqqabaa jirurratti ibsa kenneen lubbuun namaa darbuu fi miidhaan qaqqabuu ibseera. Kutaalee Oromiyaa kanneen akka Asaasaa, Asaboot, Awwadaay, Roobee(Baalee), Ciroo, Dhangaggoo, Dirree Xiyyaaraa, Dodolaa, Galamsoo, Gindhiir, Haramayaa, Harar fi Shaashamannee keessatti namoonni ajjeefamuu fi miidhamuu madden garaagaraa irraa akka odeeffate ibseera komishinichi. Tarkaanfiin ajjeechaa lammiilee, hidhamtoonni paartilee siyaasaa mormitootaa, akka mana hidhaatii gadi dhiifaman hiriira ba’uun gaafatan irratti fudhatame akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti. Dubbi Himaa fi Gorsaa Olaanaan Komishinii kanaa Obbo Aroon Maashoo,’’Qaamoleen mootummaa mirga lammiileen karaa nagana hiriira ba’uun mormiisaanii dhaggeessisuuf qaban eeguu qabu. Olaantummaa seeraa kabachiisuuf jedhanii tarkaanfiin fudhatani madaalawaa ta’uutu irraa eegama’’ jedhan. Naannoon Oromiyaa haala rakkisaa lammiilee gaaga’ama lubbuuf saaxilan keessaa ammallee hin bane kan jedhan Obbo Aroon dhiittaan mirga namoomaa haala kanaan akka itti fufu iyyamuun hin ta’u jedhan. Gabaasi miidiyaaleen garaagaraa baasanii fi miidiyaa hawaasummaarratti ba’aa jiran akka mul’isutti hanga ammaatti lammiileen hedduun ajjeefamaniiru. Komishinichi lakkoofsa namoota ajjeefamanii isa sirrii baruuf jiraattota naannoo, namoota ijaan argan, hospitaalotaa fi aanga’oota mootummaa irraa odeeffannoo walitti qabachaa jira. Mootummoonni naannoo fi federaalaa dhimma kana adda baasuuf hatattamaan qorannoo akka eegalan komishiniin kun akeekkachiiseera. Taateen ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda mul'achaa jiran imala gara abbaa irrummaatii?
oduu-52269343
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52269343
Koroonaavaayiras: Xaaliyaanitti taphattoonni waqtiin taphaa jalqabuu dura qorannoo Covid-19 taasisuufi
Taphoonni Serie A Bitootessa 9 ture sababa weerara koronaavaayirasiif kan yeroo hin beekamneef achi siqan.
Hamma ammaatti garuu guyyaan taphoonni itti jalqabaman hin beekamne. “Achuma haalli amma jiru fooyya’etti dorgommiiwwan ni xumurra,” jedhan Pireezidaantiin Federeshinii Kubbaa Miilaa Xaaliyaan Gabriele Gravina. Sky Sport Xaaliyaan jirutti akka himanitti: “Yeroo dhihootti walgahii qabna. Achiin booda haala itti wal qunnamnu ni mijeessina. “Jalqaba ji’a Caamsaa keessa taphatoonni dhukkubbicharraa bilisa ta’uusaanii mirkaneeffannee booda leenjii jalqabna jedheen abdii qaba. “Ganna kana ni taphannaa? Ammaaf, guyyaasaa hin murteesine garuu yaanni jiru dorgommiiwwan xumuruudha.” Xaaliyaan biyyoota weerara kanaan haalaan miidhaman keessaa ishee tokko yoo taatu, taphattoonni kilabii garagaraas koronaavaayiarsiidhaan qabamaniiru. Juveentus dorgommii Serie A qabxii tokkoon Laaziyoo caaluudhaan yoo dursu, Inter Miilaaniin ammoo qabxii sagaliin caala. Pireezidaantiin Brescia, Maasimoo Seelinoo kan gareensaanii sadarkaa dhumaarratti argamu akka jedhanitti taphoonni itti fufu taanaan gareensaanii qophii akka ta’e ibsaniiru. Kilaboonni Jarman torbee darbe of eeggnnoo taasisaa gara leenjitti yoo deebi’an, liigota Awuroppaa keessaa kilaboota jalqabaa gara leenjitti deebi’an ta’aniiru.
oduu-52859206
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52859206
Koronaavaayiras: Doonaald Tiraamp hariiroo Ameerikaan WHO waliin qabdu adda kutan
Pireezidaantiin US Doonaald Tiraamp hariiroo biyyattiin Dhaabba Fayyaa Addunyaa waliin qabdu adda kutuusaanii ibsaniiru.
Pireezidaantichi Dhaabba Fayyaa Addunyaa Beejiing weerara koronaavaayiras to’achuu dhabuusheetiif tarkaanfii fudhachuu dhabeera jechuun himatu. “Chaayinaan WHO to’annaashee jala galfatteetti,” jechaas bahan pireezidaant Tiraamp. Dr Teediroos Adihaanom haleellaan sanyummaa narratti raawwate jedhan Waayee Dr Teedroos Adhaanom maatin maal jedhu? Waashingitan deeggrsa maallaqaa dhaabbata kanaaf kennitu kana booda qaamolee biraatiif dabarsitee kennuufi. Ameerikaan biyya kophaashee dhaabbatichaaf maallaqa guddaa kennituudha – bara 2019 doolaara miiliyoona 400 dhaabbatichaaf gumaachiteetti. Pireezidaant Tiraamp Ameerikaatti weerara kana to’achuu dhabuusheetiif namni jalqaba qeeqan isaani. Isaanis yeroo hedduuf weerara kana to’achuu dhabuuf Chaayinaa qeeqaa turan. Ameerikaa keessatti namoonni 102,000 sababa Covid-19 lubbuusaanii dhabaniiru. Kunis biyyoota addunyaarraa lakkoofsa namoota du’anii qabaachuudhaan biyyattiin tokkoffaa akka taatu taasiseera. Pireezidaant Tiraamp maal jedhan? “Har’arraa jalqabnee hariiroo fi deeggarsa maallaqa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiif taasisnu ni dhaabna,” jedhan. “Balleessaa mootummaa Chaayinaatiin addunyaan rakkataa jirti. Chaayinaan weerara du’a lammiilee Ameerikaa 100,000 oliif harka keessaa qabdi.” Pireezidaantichi Chaayinaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa waa’ee vaayirasichaarratti “addunyaa akka dogoggorsiisuf” dhiibbaa gooteetti jechuun himatu. Doonaald Tiraamp ji’a darbe ture deeggarsa maallaqa dhaabbatichaaf taasisuuf yeroo muraasaaf adda kutuu akka yaadan kan ibsan. Himannaan Tiraamp WHO irratti kaasan sirruma turee? 'Afriikaan dirree itti talaallii Covid-19 shaakalan miti' “Tarkaanfiin sirrii hin taanee atii fi dhaabbanni kee fudhatetuu addunyaaf weerara kanaan akka miidhamtu kan taasise,” jechuun daayirektara dhaabbatichaa kan ta’aniif Dr Teediroos Adihaanoom’f Caamsaa 18 xalayaa kan barreessan. Boodarra Dhaabbanni Fayaa Addunyaa “saree Chaayinaati” jechuun ibsan. Chaayinaan tatamsa’inna vaayirasichaa Ameerikaatti ta’eef Ameerikaa mataashee himatte. Miseensonni WHO weerara koronaavaayiras irratti qorannoo walabaa akka taasifamuuf walii galaniiru.
oduu-45937064
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45937064
Du'a Jamaal Khashojii : Gaazexeessaan kun ajjeefamuu Sa'udiin dhugoomte
Dhimma ajjeefamuu gaazexeessaa Jamaal Khashojii sakatta'anii dhugaa jiru ifatti baasuu ilaalchisee hojiin hojjetamaa ture kan harkifatee fi amanamummaan kan itti hanqatu ta'uusaa Sa'uudii Arabiyaan beeksiste.
Dhimmi akka addunyaatti mata duree oduu ta'ee jiru kana dafanii qoratanii ifa baasuu dhabuun maqaa biyyattii akka balleessus ibsiteetti. Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Adel Al-Jubeer Fooksi Niwusitti akka himanitti wanti raawwatame dogongora guddaa ta'uu himanii, oduu mootii sa'uudiitu ajjeefamuu gaazexeessichaa ajaje jedhu garuu haalaniiru. Sa'uudii Arabiyaan ajjeefamuu gaazexeessichaarratti akka ibsa kennituuf dhiibbaan garagaraa irratti godhamaa ture, inumaa gara jalqabaa gaazexeessaan kun lubbuun jira jechaa turte. Gaazexeessan kun yeroo dhumaaf kan argame gaafa Onkoloolessaa 2, bara 2018 ,Waajjira Qoonsilaa Sa'uudii Arabiyaa kan Istaanbul jiru wayita seenutti ture Aanga'oonni Tarkii gaazexeessaan kun mootummaa Sa'uudii qeequun beekama jedhan, garee bakka buutota mootummaa Sa'uudii kan gamoo inni keessa seene keessa turaniin akka ajjeefames dubbatan. Sa'udiin gaazexeessichi jalqaba utuu homaa hin ta'in gamoo sana keessaa ba'eera jette, garuu jimaata darbemmoo ajjeefamuusaa ibsitee turte, xiyyaara keessatti ajjeefame jette garuu. Dubbiin sa'uudii kun amma xiyyeeffannaan ilaalamuu eegaleera. Ministirri Dhimma Alaa Sa'uudii Adel Al-jubeer nama yakka kana raawwate seeratti dhiyeessuuf mootummaansaanii xiyyeeffannaan hojjeta jedhan. ''Namoonni dhuunfaa waan kana raawwatan beekamtii keenyaan ala. Dogongorri guddaan hojjetame yoo jiraate dubbicha dhoksuuf yaaluudha'' jedhan. Dhimma kanaan walqabatee Sa'uudii Arabiyaan namoota 18 hiiteetti. Gargaartota Mohammad bin Salmaan lama ammoo hariiteetti. Sanbata Gaazexeessaa Washingitan Posti irratti yaada kan kennan Pirezidaantiin Ameerkaa Doonaaldi Tiraampi, kanaan dura dubbii Sa'uudii akka amanaa turan himanii, ajjeefamuu gaazexeessaa kanaan qalqabatee garuu odeeffannoon ba'aa ture kan dharaa fi gowwoomsaa of keessaa qabuudha jedhan. Pirezidaanti Tiraampi dhimma kanaan walqabatee qoqqobbii Sa'uudiirra kaa'uuf yaada akka qaban ibsanis, garuummoo faayidaasaarra miidhaansaatu caala jedhan. UK, Firaansii fi Jarmaniin ajjeefamuu gaazexeesichaa ilaalchisee ibsi bal'aan akka kennamu barbaanna jedhan. Pirezidaantiin Tarkii Xayyid Erdoogaan paarlaamaa guyyaa borirratti dhugaa jirtu akka lafa kaa'an ibsaniiru. Ministira Dhimma Alaa Adel al-Jubeir
oduu-49380703
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49380703
MM Dr Abiy Ahimad godaantota 100 oli waliin biyyatti deebii'an
Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad dowwannaasaanii Sudaan xumurruun dubartoota 100 ta'an, kan karaa seeraan alaa godaansifaman waliin biyyaatti deebii'an.
MM Abiy erga sirna waliigaltee seena qabeessa ta'e harra Mana Mare Humana Waraana Ce'umsaafi Humnoota Bilisummaafi Jijjirammaa Sudaan jidduutti mallattaa'erratti argamaniin booda lammiilee Itoophiyaa biyyoota biraatti dabarfamuuf turan 100 olii waliin kan gara biyyaatti deebii'an. Namoota MM waliin gara biyyaatti deebii'an keessattis kanneen balleessaa adda addaatiif mana hidhaa turanii gadhiifaman ni argamu. MM Dr Abiy sirna mallattoo waliigaltee qaamoolee Sudaan lamaan jidduutti taasifamee booda haasaa taa'sisanii, ummatichi nageenyaafi ulfinasaa tikfachuun ijaarsa dimokraasitiif akka hojjatan waamicha taasisaniiru. Manni Marii Waraana Sudaaniifi Oggnatoonni sivilii aangoo qoodachuurratti erga alkan guutuu marii taasisanii booda waliigaltee mallatteessan. Oganaa Waraanaa Olaanoo kan ta'an, Mohaammad Hamdaan, Hemeti Dagoloo, waliigaltee taasifame akka kabajan himan. Mohaammad Hamdaan 'Hemeti' Dagoloo Sudaatti nama jabaa ta'uun isaa himamuuf BBC tti akka himanitti gartuun lachuu waliigaltee bu'uuraa Sambata duraa waaree booda mallatteessuuf jiru. Kayyoon waligatee kanaas jeeqmsa ji'ootaaf biyyattii tasgabbii dhabisiisaa ture goolabuun bulchiinsa sivilii hundeessuudha. Hiriirtonni dimokiraasii leellisaniifi humnaanni to'achuuf yaaluun akka al-Bashiir aangoorraa kaaafamaniin biyyattii keessatti jeequmsi hammaatee ture. Waliigaltee haaraa kanaan Kaawunsilii walabaa hawaasa keessaa filataman namoota shaniifi jeneraalonni humna waraanaa shan biyyattin amma filannootti bulchuuf jiru. Waliigaltee haaraa kanaan Kaawusilii walabaa hawaasa keessaa filataman namoota shaniifi jeneraalonni humna waraanaa shan biyyattin amma filannootti bulchuuf jiru. Gartuun lamaanuu waggaa sadii oliif dabareen wal harkaa fudhuuf waliigalan. Muummichi Ministiraa namoota nagaa(civilians) ta'aanin torban muudama. Dhimmuma walfakkatuuf, Ministirri Mummee Dr. Abiy Ahimad Sanbata kana qondaaltoota isaanii olaanoo waliin ta'uun, magaalaa gudittii biyyattii Kaartum galunsaanii odeeffannoon Imbaasii Itoophiyaa Kaartummitti argamu ni mullisa. Mohaammad Hamdaan 'Hemeti' Dagolo Itti-aanaa itti-gaafatamaa Mana Maree Waraana Sudaan Kun biyyattiif 'yeroo seena qababeessa'' jedhaniiru, akka AFP'n caqaseetti. Sudaan baatii Ebla keessa pirezidaantii biyyattii kan turan Omaar al-Baashir erga moromiin aanngoorraa buufamanii as biyyattiin tasgabbii argattee hin beektu. Waligaltichis dhimmoota hedduu barbaachisoo kan of keessaa hin qabne ta'ee Jimaata dhufu irratti mariyatamuuf jira. Turtiin yeroo ce'umsaa labsii seeraa keessa galuuf jiru fuula duratti kan irratti waliigalamudha. Kunis akka manni maree biyyattii qaama mootummaa isa olaanaa ta'uu ykn qaama mootummaa kan maqaadhaaf ta'udha kanneen jedhan dabalata. Maalirratti waliigalame? Qaamooleen lamaan oggansa mana marichaa waggoota sadiif marsaadhaan akka ta'u irratti waliigalaniiru. Manni marichaas miseensoota sivilii shaniifi aanga'oota waraanaa shan kan hammatu yoo ta'u, miseensoonni siviil 11 filataman hammata jedhameera. Waggaa jalaqabaattis Janaraala waraanaatu mana marichaa oggana yoo ta'u, itti aansee ammoo oggansi sivil baatiiwwan 18 erga ogganeen booda filannootti ce'ama. Akkasumas, kaabinee ministirri mummee, mormiitootaan filamuufi ministirri waraanaafi ministirri dhimma biyyaa kan waraanaan keessaa filatamu irrattis waliigalaniiru. Waraannis erga ajjeechaan mormitoota iirratti raawwatamee booda akka dhiifamni taasifamuuf dhiibbaa taasisaa kan turan yoo ta'u, garuu dhimmi kun mallattoo keessa hinjiru. Jeequmsicharratti qorannoon gadi-fageenyaa gaggeefamuu akka qabaatu waadaan galameera. Waliigalteen kun hangam barbaachisaadha? Marii baatiiwan fudhateen booda qaamooleen lamaan waliigaltee waliin mallatteessuurra gahaniiru. Kunis amma mullateera. Waliigalticha irra gahame jechuunis, oggansa waraanaa waggoota 30 darbaniif aangoorra ture amma Sudaan gara oggansa gutummaatti sivili ta'eetti ce'uuf- akka yaadameetti.
oduu-54672322
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54672322
Ameerikaa: Tiraamp "Masriin Hidha Haaromsa Abbayyaa ni rukkutti" jedhan
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Masiriin Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ni rukkutti jechuun dubbatan.
Pirezidaantichi kana kan dubbatan Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdokiifi Ministira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetinyaahoo waliin bilbilaan osoo kallattiin haasa'aa jiranii ture. Itoophiyaan waliigaltee Hidha Haaromsaa Guddicha Abbayyaa dhiistee bahuu hin qabdu ture jedhan Tiraamp. Yeroo bilbila kallattii kana Waayit Haawusirraa taasisanitti gaazexeessitoonni argamanii kan turan yoo ta'u, Ministirri Muummee Sudaanis Hidha Haaromsaa Guddicha ilaalchisuun yeroo dhiyootti biyyoota sadan gidduutti waliigalteen ni mallatteeffama jedhanii abdii akka qaban dubbataniiru. Pirezidanti gaggeessitoota Sudaaniifi Israa'eliif kan bilbilaniif biyyootiin lameen hariiroo waliin qaban foyyeessuudhaaf waliigaluu isaanii ilaalchisuun ture. Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook, "Yeroo dhiyoo keessa waliigalteerra geenya," jedhan. Bakka gaazexeessitoonni walitti qabamanii jiranitti gaggeessitoota lamaan kan dubbisan Pirezedaant Tiraamp garuu haalli Hidhaa Haaromsaa Masiriif balaa waan ta'eef "Hidhaa Haaomsaa Guddicha rukkutee dhoosuu dandeessi" jedhan. Doonaald Tiraamp kaleessa yeroo gaazexeessitootatti dubbatan akka jedhanitti Itoophiyaan gara waliigaltee sanatti deebiyuu qabdi jedhan. "Masiriin yoo aarte itti hin murteeffamu; garuu hidhicha rukkutuu dandeessi," jedhan Tiraamp. Waliigaltee Itoophiyaan dhiistee baate jedhan isa kam akka ta'e garuu waan jedhan hin qaban Tiraamp. Maaltu ta'e? Sudaaniifi Israa'el waliigaltee haaromsachuu ilaalchisuun kaleessa Waayit Haawusitti bakka gaazexeessitoonni jiranitti gaggeessitoota biyyoota lamaanii bilbilaan kallattiin haasofsiisaniiru Tiraamp. "Hidhaan Itoophiyaan Abbayyarratti ijaaraa jirtu akkam ta'e?" jechuun Ministira Muummee Sudaan gaafatan Tiraamp. Itti fufuun, Hidhaan Haaromsaa kun biyyoota gara gadii jiran lagichi itti yaa'u akka bishaan hin dabarre gochuun miidha jechuun dubbatan. 'Qaama sadaffaa ta'uudhaan Itoophiyaafi Masirii waliin dhimmicha itti dhiheenyaan hordofaa jirtu. Maalirra gahe?' jechuun itti dabaluun gaafatan Pirezedaant Doonaald Tiraamp. Deebii Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook gaaffii isaaniitiif deebisan osoo hin eegiin, "Akka waliigalteerra gahan taasiseen ture. Itoophiyaan garuu waliigaltee sana dhiistee baate. Sana garuu gochuu hin qabdu ture. ''Dogogora guddaadha. Sababii kanaafis gargaarsa baayyee addaan kutneerra. Hanga waliigaltee sana hin fudhannetti yoomiyyu taanaan maallaqa sana hin argatan. ''Hidhaa akka bishaan gara laga Naayilitti (Abbayya) hin yaane godhu ijaaran; Masriin kanaan yoo aarte balaaleffatamuu hin qabdu. Akkam ta'aa jiraa? Maal beektuu?" jechuudhaan Ministira Muummichaaf gaaffii dhiyeessan. Yeroo kanatti toora bilbilaarra kan turan Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neetinyaahoo gidduu seenuudhan, Tiraamp gaafficha kan dhiyeesse Ministira Muummee Sudaaniif ta'uu isaa dubbataniiru. Traamp, "Gaaffii kanaaf deebii kennuun kan barbaachisu [ministira muummee Sudaan] natti hin fakkaatu" erga jedhanii xiqqoo akka kolfuu ta'an. "Waliigaltee hunda hirmaachiseefi hunda fayyaduu danda'urra yeroo dhiyootti geenya jennee yaadna," jedhan Ministirri Muummee Sudaan. Tiraamp ammoo, "Akkas ta'uu hin danda'u sababiin isaas waliigaltee sana diiganiiru. Kun ammoo muddama guddaa uumeera. Masriin haala kanaan jiraachuu hin dandeessu. [Masiriin] rukutee dhooosuu dandeessi. Irra deebiyeen jedha, Masiriin Hidhicha rukkutee diiguu dandeessi," jedhan. Waashingitan marii Itoophiyaa, Masriifi Sudaan kessummeessaa kan turte ta'us marii taasifame irratti Itoophiyaan dhuma irratti keessaa baateetti. Itoophiyaan ergasii ibsa baasteen Yunaayitid Isteet gahee taajjabbuurra dabarte jechuun qeeqxee adeemsa isheen akka hin gammanne ibsiteetti. Ameerikaan immoo Itoophiyaan mariirraa hafuu isheetiin 'mufadhe' jetteetti. Ergasii as mariin dhimma Hidha Haaromsaa irratti biyyoota sadan gidduutti taasifamu Gamtaa Afrikaatiin akka gaggeeffamuuf gaaffii Itoophiyaan dhiyeessiteen taasifamaa jira. Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ammoo kanaan dura marii Hidha Laga Abbayyaa irratti waliigalteerra gahuuf taasifamaa ture furmaata akka argatuuf Ameerikaan akka hojjettu Pirezidantii Masrii Abdulfattaah al - Sisiitti bilbilaan himanii turan. Xiinxaltoonni akkasumas Itoophiyaan Ameerikaan Masriif loogdi jechuun qeeqaa turuun ni yaadatama.
oduu-47657421
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47657421
Iskindir Naggaa: Finfinnee irratti bakka bu'iinsa uummataa qaamni qabu mana maree kana qofadha
Gaazexeessaa Eskindir Naggaa dhiyeenya kana magaalaa Finfinnee keessatti mana maree abbaa imaanaa magaalaa Finfinnee jedhamu hundeessee sochiitti jira.
Finfinnee keessatti qaamni bakka bu'iinsa uummataa qabu mana maree kana qofas jedha. Gaaffii fi deebii addatti BBC waliin taasiseera. Manni Maree hundeessitan maal inni? Walgahii torban darbe gooneen ibsa ejjennoo abbaa qabxii afurii baafnee mannii maree kun isaaniin hojiiirra oolchuuf hundaa'e. Uummanni argame bakka bu'uumsa guutuu nuu kenneera. Yeroo kanatti Finfinnee irratti bakka bu'iinsa uummataa qaamni qabu mana maree kana qofadha. Manni maree magaalaa Finfinnee bulchu bara filannoo isaa xumureera, Kantiibaaniis uummataan kan filatame miti. Ibsoonnii ejjeennoo kahaman maali? Inni jalqabaa Finfinneerratti eenyuyyuu uummatnis ta'e, sabnis ta'e naannoon dantaa addaa qabu hin jiru kan jedhuudha. Xiyyeeffannaan mana maree kanaa inni ijoon garuu Finfinnee irrattis ta'e oromiyaa irratti mootummaan uummataan filatame waan hin jirreef, tokkoffaa dhimmi daangaa Finfinneefi Oromiyaa gidduu jiru lammaffaan ammoo naannoo magaalota uummata qubachiisuuf sagantaan jiru akka dhaabbatudha. 'Silaa Adaamaan kana caalaa guddatti ture' ''Qeerroo fiinxaleessi biyyaaf balaadhan jedhe'' Kana jechuun warri kana karoorfatan waan kana haa dhaaban jechuu osoo hin taane, mootummaan uummataan filatame gama lamaaninuu hanga dhaabbatutti, dhimmooti murteessoo akka kanaa hojii irra ooluu hin qabani. Kun mirga diimokiraasii isa bu'uuraati. Kana ilaalchisee ejjennoo uummataa MM abiy Ahimad, Pireezidant Lammaa Magarsaafi Injinar Taakkalaa Uumaaf xalayaa galchinee jirra. Yeroo gabaabaatti murteen nuuf hin kennamu yoo ta'e gara uummataatti debina jechuudha. Mootumman uummataan filatame hin jiru naan jetteetta. Ammoo Injinar Taakkalafis , MM Abiy akkasumas Obbo Lammaaf xalaya galchine jette. Erga uummataan hin filatamne ta'e maaf isaan biratti xalayaa galchitan? Mootummaa irra isaantu jirakaa. Hojiin guyyuu mootummaa hojjetamuu qaba. Mootummaan uummataan filatame hin jiru jechuun mootummaan hin jiru jechuu miti. Hojiin guyyuu hojjetamuudhuma qaba. Fedhiin dimokraasii gara gadiitti bu'uunsaa jijjiiramoonni akka dhufan taasiseera Gaheen warra aangoo irra jiruu hanga filannoon dhufutti hojii guyyuu motummaa hojjechuudha. Mootummaan nu barbaachisa. Heeraa fi seerri kabajamuu qaba sana kan hojjetu ammoo mootummaadha garuu wantoota bu'uuraa murteessuu hin qaban. Manni maree isin amma dhaabdan bu'uura seeraa maalii qaba? Eeyyee. Nuyi seera qabeessadha jenna. Seera qabeessa kan nu taasisu uummanni bakka bu'iinsa nuuf kenneera. Seerri gosa garaagaraa qaba keenya ija siyaasaa fi 'morally' fudhatama qaba uummata kallattii arfaniinuu yaa'ee dhufeen bakka bu'uumsi nuu kenname. Uummanni Magaalaa Finfinnee milyoona 4 oli, galma tokko keessatti nama kuma lama hin caalle waamtanii uummanni bakka nu buuseera jechuu dandeessuu? Eeyyee uummatni walitti qabame saamudadha. Saamuda jiraattota magaalaati. Namni kuma kudhanii ol irratti argamee bakka nu buufateera, kun ammoo uummatni bakka nu buufateera jechuuf gahaadha. Uummanni hundi kan miliyoona 7 ta'u hin argamne. Garuu kallattii magaalattii hunda irraa warri bakka bu'anii dhufan sagalee nuuf kennanii jiru. Nuyi amma kan jechaa jirru, wanti nuti amannu hojiirra haa oolu miti. Hanga filannoon gahutti murteewwan imaammataa jajjaboo ta'an murtaa'uu hin qabaniidha. Erga waa'ee filannoo kaaftee, injinar Taakkalaa filannoon adabna jettee turte sana hanqattee amma waan kana keessa kan galte maaf waan jette haalte? Agartee Gaaffiin kee kunuu loogii qaba. Ammas kanan jechaa jiru bar Filannoo haa egnudha. Duraan Filannoon adabna jettee kaatee ammammoo deebitee waan mootummaa fakkaatu ofii keetii dhaabaa jirta Dheebuun dimokraasii sadarkaa duubatti hin deebinerra ga'eera Nuyi bar aangoo nuuf kennaa gaaffii jedhu hin qabnu. Kan nuyi jechaa jirru murteewwan jajjaboo murteessuun dura uummatni bakka isin buufachuu qabadha. Kana jechuun fakkeenyaaf MM Abiy Ahimadis uummataan hin filamne. Murtee jajjaboo murteessuu hin qaban jechuudhaa? Eeyyee walumaagalatti sadarkaa biyyaatti kun ta'uu qaba. Imaammatni murteessoo ta'an hojiirra ooluu hin qaban. Imaammatni kamuu hojiirra ooluu hin qabu jechaa hin jiru. Kanneen kallattii biyyaa jijjiiran garuu murtaa'uu hin qaban. Itoophiyaa keessa mootummaan uummataan filatame jiraatee hin beeku garuu murteen gurguddaan murtaa'aa ture. Amma maaltu dhalate wanti haaraan? Maraammartoo sana keessaa bahuu qabna waliigaltee jedhurra waan geenyeefi. "Qonnaan bulaan waardiyyaa ta'uu hin qabu" Kanaan dura humnaan imaammatni garaagaraa hojiirra oolaa ture. Amma humnaan hojiirra ooluu qabu jenna taanaan yaadaafi hojimaata duraanii keessaa hin baane jechuudha. Qabxiin guddaan kanarratti. Mootummaan yaada keessan yoo fudhatuu dide maaltu itti aana? Gara uummataatti deebina. Gaafas waan uummanni jedhu waluumaan dhageenya. Kana jechuun maal jechuudha? Ani maalan beeka waan uummanni jedhu. Waltajjicha banaa goonee waan uummanni jedhu ilaalla. Iskindir kanaan dura akka gaazexeessaafi falma mirga namoomaatti beekna ture, amma nama siyaasaa taate jechuudhaa? kkkkk Kunis waa'eedhuma mirgaati. Aangoo siyaasaaf hin dorgomu akkanatti sitti haa himu. Gaaffiin kaasne gaaffii siyaasaati ani garuu aangoo siyaasaaf hin dorgomu. Aangoo siyaasaas hin barbaadu. Ejjennoo bulchiinsi magaala Finfinnee Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sochiiwwan seeraan alaa magaalicha irratti ibsa baaseera. Harkifannaa Filannoo magaalaa Finfinnee ilaalchisee bara 2010 Manni Maree Federaalaa akka dheeraffamu murtoo dabarseen hanga sanatti ammoo seera qabeessa tahuun bulchinsi amma jiru akka itti fufu gochuun isaa beekamu qaba jedha ibsi bahe. Haaluma kanaanis manni marichaa mirga kennameefiitti fayyadamuun Kantiibaa Itti aanaa seeraan akka filate ibsa. Haa tahu malee tibbana ''Muudamni Itti Aanaa Kantiibaa seera qabeessa miti, uummata bakka hin bu'u'' jechuun yaadotni dogogoraa ka'an bu'uura seeraa kan hin qabnee fi labsii bakka bu'oota uummataan bahe lakk. 1094/2010 kan faallessudha jedhe. Piroojektii misooma qarqara laggeenii magaalaa Finfinnee Finfinneetti jireenyi daandii irraa hafuufii laata? Ibsichi yerootti bulchiinsi magaalichaa halkanii guyyaa jijjirama akka biyyaatti jalqabe galmaan gahuuf karoorfatee wal deeggaruun hojjechaa jiruu fi bu'aa gaarii galmeessaa jirutti gaaffii uummataa kan hin taane kan uummtni gaafataa jiru fakkeessuun jijjiramicha gufachiisuuf gareen socho'aa jiru akka jiru eera. Kanaafuu magaala nageenya booressuuf seeraan ala kanneen socho'an hordofuun karaa seera qabeessaan irratti qabsaa'uuf uummatni magaalichaas gahee isaa bahachuun bulchiinsa magaalaa cina dhaabbachuu qaba jechuun waamicha dhiyeessa. Uummata tokko kan biraa waliin walitti buusuufi tokkommaa irra gargara bahuu kanneen leellisan, akkasumas bulchiinsa bu'uura seeraan hundeeffame irratti jeequmsa kanneen kakaasan akka ariitiin dhaabbachu qabanis ibsa. Gama biraan ammoo Magaalli Finfinnee magaalaa sabaa fi sablammotni hedduun keessa jiraatan teessoo Gamtaa Afrikaa fi dippilomatota adunyaa waan taateef gaaffiiwwan ka'an seera hundumaan ol kan tahe heera mootummaan deebii kan argatan tahu jedha.
oduu-48689844
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48689844
Ofii koleeraan maali, attamiin namarraa namatti darba?
Dhibeen koleeraa tibbana Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaatti mul'achuusaatiin wal qabatee jiraattoonni yaaddoo keessa galaa jiru.
Naannoolee biyyattii kan akka Oromiyaa, Amhaaraa, Tigraayiifi Somaalee akkasumas magaalota Finfinnee fi Dirre Dhawaa dabalaee namoonni 614 ta'an koleeraan qabamusaanii Inistitiyuutiin Fayyaa Uummata Itoophiyaa tibbana ibseera. Hanga ammaattis namoonni lama dhukkubichaan lubbuu dhabunsaanii himameera. Rakkinu yaachisaa ta'aa dhufe kana maqsuuf jecha, biyyattii nannoolee koleeraaf irra caalaa saaxilamoodha jedhamaniitti talaallii koleeraa kan afaanii kennamu kennuu eegalusaa Ministirri Fayyaa Dr Amiir Amaan karaa ergaa tiwitaraatiin ibsaniiru. Itoophiyaan ammaan dura dhukkuba maqaan hin waamtu ture. Gabaasa fayyaa dhiyaatu keessatti haqqee fi garaa kaasaa jedhamee gabaafamaa ture. Dhiyeenya kana dhukkubicha maqaadhuma isaatiin gabaasuuf kan aanga'oonni Itoophiyaa waliigalan. Haalawwan koleeraaf nama saaxilan Koleeraan baakteeriyaa vibiroo koleeraa jedhamuun dhufu yoo ta'u, yeroo baay'ee nyaata yookiin bishaan faalameen akka darbu himama. Kana malees hanqina qulqullina dhunfaa fi naannoo, mana fincaanitiin alatti qulqullaa'uu, akkasumas mana fincaaniitti haalaan fayyadamu dhabuu akka ta'e, ragaan Inistitiyutii Fayyaa Ummata Itoophiyaa ni mul'isa. Koleeraan attamiin darbaa? Koleraan namaa dhukkubsataarra gara nama fayyaa qabutti haalawwan garaa garaatiin darba. Karaawwan ittiin namarraa gara namaatti darbuun keessaa tokkoo karaa bishaan lagaa, burqiituu, kan ujjummoo ykn bishaan roobaa vaayirasii dhukkubichaatiin faalameen darbu danda'a. Sababoota dhukkuba kanaa gurguddaan: • Nyaata fi bishaan faalame • Harka sirriitti osoo hin dhiiqatiin soorachuu ykn nyaata bircheessu • Soorata vaayirasii dhukkubichaan faalame soorachuu, • Hirrina yookiin dhabamuu asiidii 'hypochlorhydria yookiin achlorhydria' kan garaa keenyaa keessatti argamu. • Nama kooleeraan qabame waliin of eegannoo malee quunnamtii taasisuu, • Foon dheedhii nyaachu, • Fuduraa fi kuduraa dhedhii nyaachuu (kan dheedhiin nyaataman hin dabaltu) Maloota ittisaa: • Qulqullinna ofii fi naannoo eeggachuu • Bishaan qulqullu dhuguu • Nyaata haalan bilchaate nyaachu • Fuduraalee quunchiisuun nyaachuu danda'amu qofa nyaachu. Mallattoowwan dhukkubbicha: • Baasiisuufi haqqisuu • Gogiinsa garaa • Of wallaaluu Walumaagalattis, wayiita mallattoonni dhukkubichaa isinitti dhagahame atattamaan gara mana yaalaa dhaquun ammo yeroon wallansa akka argattaniif isiin gargaara.
oduu-53901256
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53901256
Roonaaldiinihoon ji'a tokko booda mana hidhaa Paaraaguwaayirraa gadhiifame
Taphataan lammii Biraazil Roonaaldiinoon Paraguwayiitti erga ji'a tokkoof hidhamaa turee gadhiifame
Roonaaldiinihoo fi obboleessi isaa Wiixata mana murtiitti dhiyaatan Roonaaldiinoon Paraguwayitti paaspoortii sobaa qabatee osoo socho’uu to’annoo jala oolee ture. Taphataan Waancaa Adunyaa yeroo tokko mo’ateefi dandeettii tapha kubbaa miilaan maqaa guddaa qabu Roonaaldiinoon obboleessa isaa fi namoota biro afur waliin hoteela sadarkaan isaa guddaa tahe tokko keessatti ji’a tokkoof hidhamanii ture. Amma obboleessa isaa waliin mirgi wabii eegameefii gadhiifamaniiru. Garuu beenyaa $200,000 tahu gidduu isaaniitti kaffalu. Bara 2015 osoo soorama hin bahiin dura Roonaaldiinoon tapha kubba miilaan gahumsa ol aanaa qabu agarsiisee ture. Bara 2002 Biraazil Waancaa Adunyaa 5ffaa akka mo’attuuf kan gargaare yoo tahu Baarseloonaa waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii tokkoo fi Laaliigaa lama mo’ateera. Sana booda kileboota akka PSG fi Inter Miilaaniif taphateera. Ji’a Caamsaa keessa obboleessa isaa Roobertoo de Asis Morera kan hogganaa biizinasii isaa tahe waliin paasporrii sobaan qabamanii hidhaman. Roonaaldiinoon kan gara Paraguwayitti imaleef ijoollee hiyyeeyyii fi miidhaan irra gahuuf duula gaggeessuuf ture. Roonaaldiinoon guyyaa dhalootaa waggaa 40ffaa isaa manuma hidhaatti kan dabarse yoo tahu gara hoteela hidhamaniitti kan dabarsaman ammo erga mirgi wabii eegameefi kaffalaniiti. Tahus sochii gochuun hin eeyyamamuuf ture. Abukaatoon isaa Roonaaldiinoon paaspoortii sobaa qopheessuu sana keessaa waan qooda qabu miti. Obboleessi isaa beekuu danda’a jedhe. Amma lamaan isaaniiyyuu bilisaan socho’uu danda’u.
oduu-56194834
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56194834
Bulchaan mana sirreessaa Qaallittii G/Komishinaraa Girmaa Adaree mana murtiitti dhiyaatan
Bulchaan mana sirreessaa Qaallittii G/Komishinaraa Girmaa Adaree, mana murtiitti dhihaachuun sababa ajaja mana murtii raawwachuu dhabaniif ibsan.
Manni murtii olaanaa Federaalaa dhadhachi yakkaa fi farra shororkeessummaa Lidataa beellama yeroo darbeetiin ajajaan mana amala sirreessaa Qaallittii sababa akkaataa ajaja mana murtiitiin raawwachuu dhabaniif poolisii federaalaatiin too’atamanii mana murtiitti akka dhihaatan ajajee ture. Ajaja yaala fayyaa obbo Jawaar Mohaammd fi Baqqalaa garbaa akaksumas namoota biroo galmee isaanii jalatti himataman hospitaala dhuunfaatti yaala akka argatan ajajus akkaataa manni murtii ajajeen waan hin raawwatamneefi mani murtichaa kan beellama har’aa kana qabate. Abukaatoowwan Obbo Jawaar fa’a keessaa tokko kan tahan Obbo Kadir Bulloo BBC’tti akka himanitti bulchaan mana sirreessaa qaallittii G/Komishinaraa Girmaa Adaree dhadhacha irratti argamuun sababa ajaja mana murtii hin raawwanneef ibsaniiru jedhan. Isaanis sababa yaaddoo nageenyaatiin ajajni waan olirraa nuuf kennameef akkaataa manni murtii ajajeen mana yaaala dhuunfaatti akka yaalaman gochuu akka hin dandeenye ibsani jedhan. Gama biraatiin dhimma yaala hospitaala dhuunfaatti akka kennamuuf ajajame irrattis abbaan alangaa waliigala federaalaa ol iyyannoo gaafachuu isaas akka sababa hanqina raawwichaatti kaasuu ibsan. Abukaatonni gama isaaniitiin gochi raawwatame qaama ajaja mana murtii akka hin raawwatamne gochuun seeraan ol ta’uuf yaaluuf dahoo kan kennu fi sababni mana sirreessaatiin dhihaate quubsaa akka hin taane falmuu dubbatan. Manni murtichaas manni sirreessaa kuni yooma yaaddoon nageenyaa jiraatellee ajaja mana murtii kenname kanaaf mana murtii gaafachuu qaba malee manni sirreessichaa ajaja mana murtiirra darbee raawwachuun sirrii akka hin taane himee jedhan. Dhumarrattis manni murtichaa namootni guyyaa sana Obbo Baqqalaa fa’a mana sirreessaatii yaalaaf qabanii bahan gaafa Gurraandhala 22 bara 2013 mana murtiitti akka dhihaatan jechuun ajajuus himan. Obbo Baqalaa Garbaa, Jawaar Mahaammadii fi namootni isaan waliin himataman biroon erga lagannaa nyaataa eegalanii amma gara ji'a tokkoo tahuuf deema. Fayyaan isaanii haala nama yaaddessu irra akka jiru maatii fi abukaatoon isaanii irra dedeebiin BBCtti himaniiru. Obbo Baqalaa garbaa torban darbe keessa dhukkubsatani mana yaalaa humna waraanaa biyyattii galanii akka yaalamaniif geeffamanis mana yaalaa dhuunfaa ofii keenya filannetti malee hin yaalamnu jechuun akka didanis himameera. Manni murtii nageenyi isaanii eegame mana yaalaa dhuunfaa filatanitti akka yaala argatan murteessus manni sirreessaa Qaallittii ajajicha hin fudhatiin tureera. Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaan hanga gaaffiin keenya deebii argatutti lagannaa nyaataa eegalle hin dhaabnu jechuu isaaniis karaa abukaatoo fi paartii isaanii himamaa ture.
oduu-47467303
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47467303
MM Abiy Ahimad pireezidantoota Somaaliyaa fi Keeniyaa 'araarsan'
Pireezidantoonni Somaaliyaa Abdullaahii Farmaajoo fi kan Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa waldhabdee dippiloomaasii gidduusaanii ture furan.
''Mootummaan Soomaaliyaa MM Itoophiyaa Abiy Ahimad marii kana qopheessuu isaaniitif ni galateeffata'' jedha ibsi marichaan booda bahe. Waldhabdeen kunis biyyoonni lamaan kunniin dhiyeenya kana 'lafti boba'aa galaanarraa daangaa kooti, anaaf mala' jedhuun kan eegale ture. Kanumaan walqabatee Keeniyaan ambaassaaddra ishee Moqaadishoo jiru gara biyyaa yaamuun, ambaasaaddara Naayiroobii ture ammoo biyyaa baasteetti. Keeniyaan waan jechaa turte, ''Somaaliyaan lafa boba'aa waliigalteen irratti hin gahamne gurguraa jirti''. Erga MM Abiy Ahimad kaleessa galgala Farmaajoo waliin Naayiroobii galanii booda, har'a ganama gaggeessitoonni biyyoota sadii kunniin walgahii taa'aniiru. Kanumaanis walitti dhufeenya dippiloomaasii adda citee ture deebisuuf waliigalaniiru. ''Pireezidantoionni lamaan marii bu'a qabeessa godhaniiru. Walitti dhufeenya dippiloomaasii adda citee ture deebisanii cimsuufis waliigalaniiru,'' jedha ibsi waajjira pireezidantii Somaaliyaarraa ergame. Waajjirri Ministeera Muummee Itoophiyaas fuula Facebook isaarratti kanuma mirkanessuun maxxanseera. MM Itoophiyaa Abiy Ahimad walgahii pireezidantoota lamaan kanneen mijeessaniiru jedhamee amanama. Erga ji'a dabre waldhabdeen uumame as walgahiin gaggeesitootaa kun isa jalqabaati. Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa himannaa mootummaa Soomaaliyaan wa'ee lafa boba'aa kanaan walqabatee dhiyaate ilaalaa jira. Ambaasaaddaroonni biyyoota lamaanii kunniin yoom gara hojiisaaniitti akka deebi'an wanti jedhame hinjiru.
oduu-55369843
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55369843
Hogganaa Olaanaa Iraan: Eenyutu Ayaatolaah Alii Kaameeni dhaala laata?
Odeeffannoon dhiheenya keessa haala fayyaa Hogganaa Olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Kaameen irratti bahaa jirani, gaaffii osoo isaan sababii dhukkubaatiin ykn boqachuun biyya hogganuu dadhabanii, eenyutu isaan dhaalala laata jedhu kaasaa jira.
Maanguddoo umrii waggaa 81fi biyyatti keessatti abbaa aangoo siyaasaa olaanaa biyya baha giddu-galeessaa kan ta'an kana namni dhaalu Iraan, naannichaafi addunyaa hundaaf dhimma murteessaadha. Ofii hogganaa Olaanaan attamiin filatama? Hogganaa Olaanoo Ayaatolaah Kaameeneen erga Warraaqsi Islaamummaa gumii ekispartootaa kan miseensa dureewwan amantaa 88 qabuun filatamanii erga bara 1979 as nama lammataati. Miseensoonni gumii kanaas waggaa sadeetiin lammiilee Iraaniin filatamu. Iraan ajjeechaa saayintistiisheef Israa'eeliin himatte Humni waraanaa Iraan hangam jabaadha? Iraan Tiraampiin hidhuuf ajaja baafte Haata'u malees kaadhimamtoonni jalqaba koree Mana Maree Eegdootaa (Guardian Council) jedhamanii mirkaneeffamu qabaatu. Miseensoonni mana Maree Eegdootaa mataansaanii karaa kallattiin ykn al-kallattiitiin Hogganaa Olaanaadhumaan kan filatamaniidha. Kanaafu Hogganaa Olaanaa qaamoolee lamaan irratti dhiibbaa ni qabaatu. Waggoottan 30n darbaniif, Ayaatolaah Alii Kaameene nama isaan bakka bu'u haala filannoo irratti gumiichi qajeelfama isaanii hordofuun nama ejjannoosaanii qabu akka filatan mirkaneessaniiru. Hogganaa Olaanaan tokkicha filatamnaan hanga lubbuun jirutti aangoorra tura. Akka heera Iraaniitti, Hogganaan Olaanaan nama sadarkaa amantaa Islaamaa Shii'aan sadarkaa olaanaa irra gahe (ayaatolaah) ta'u qabaata. Garuu wayita Ali Kaameem filatamaniitti sadarkaa olaanaa sanarra (ayaatolaah) hinturre. Kanaafuu akka hojii fudhataniif jecha jijjiramni seeraa taasifamee ture. Kanaafuu, ammas haaluma siyaasaa yeroo filannoon hagganaa olaanaa itti filatamutti jiru irratti hundaa'uun ammas jijiramni seeraa taasifamuuf ni danda'ama ta'a. Innis maaliif barbaachiisaa? Iraan keessatti Hogganaa Olaanaa aangoo jabaa isa dhumaa qabu. Dhimmoota murteessoo ta'an irrattiifi imaammatawwan sirreessuu akkasumas addunyaa biraa waliin walitti dhufeenya jiruurratti murtee isa dhumaa kan dabarsaniidha. Iraan biyyoota addunyaa keessaa biyya Shii'aa cimtu fi bara oggansa Alii Kaameeneetti biyya olaantummaa ishee Jidduugala Bahaa keessatti babalifachuuf yaalaa turteedha. Du'atiin hogganaa kanaas adeemsa seenaa naannichaa irratti jijjirama fiduu qofa osoo hintaane, kan addunyaa maratti dhagahamuudha. Hatakaaroon Iraaniifi Ameerikaa fi Israa'el jidduu, fakeenyaaf, jibbaa dhunfaa Ayaatoolaah Kaameenee biyyota lamaaniif qabanii cimee gara waldhabdee fi tasgabii dahbiinsa baroota dheeraa irra qaqabe. Haata'u malee, adeemsa dhaala aangoo kanaan eenyumtu aangootti dhufulleen sarara isaanii kan hordofu ta'a. Eenyutuu Hogganaa Olaanaa ittaanu ta'u danda'a? Dameewwan siyaasaa Riippablika Islaamaa haala dhaala aangoo ittaanuu sirreessuuf fedhii qabu. Garuu ammoo, rakkina ittisuun akka abbaa aangootti kan socho'u danda'u qaamni aangoo tokkolleen hinjiru. Haggannaa isaan dura tureetti hir'ina amanamummaa walfakkaatu qabaatan illeen Ali Kaameemee garuu karaa amantaa walitti dhufeenyaa dhunfaa qabaniitiin dhiibbaa isaanii cimfatana. Warreen dhunfaan walitti dhufeenya qaban kunneenis baayyeen kan humna aangoo Iraan, Eegdoota Waraaqsaa keessa jiraniidha. Egdoonni Warraaqsaa kan kaadhimamaan isaan sirrii miti jedhanii yaadaan Hagganaa Olaanaa akka hintaaneef kan dhorkuuf yaalan ta'a. Tarreen namoota olaanoo icciitiin qabamuu ilaalchiisee odduun deemaa jiraatulleen, eenyuu fa'i achirratti akka tarreeffaman ilaalchiisee kan beekuu ykn beekuuf kan gaafatee garuu hinjiru. Maddeen akka jedhaniitti, kaadhiimamaa Alii Kaameeneen filatamu ilmasaa Mojtaabaa ykn Duree Haqaa Ibraahiim Raa'isii ta'u danda'u. Kunis dhugaa yoo ta'e kan madaallii kaasu malu ta'a. Mr Raa'isii dura kan aangoorra turan Saadeeq Laarijaanii fi pirezidaantiin ammaa Haasaan Ruuhaaniin lamaanuu Hoggaanaa Olaanaa ittaanu ta'uuf fedhii akka qaban amanama. Mojtaabaa Kaameemee eenyuu? Ilmi Hoggaanaa Olaanaa kan umuriin 51 nama duuba ta'uun hojjataniidha.Isaanis magaalaa amantaa Maashhaad keessatti kan dhalataniifi akkuma abbaa isaanii ogganaa amantaati. Mojataabaa ammoo hubannoo keessa kan gale tibba tarkaanfii hokkora mormii filannoo pirezidaantummaa bara 2019 hordofee umame tureen. Tarkaanfii cimaa fudhachu akka danda'u itti amanamee ture. Alii Kaameenee mootii ta'u baatan illeen haaluma salphaanii kan ilmasaanii Mojtaabaaf gonfoo dabarsan miti. Ilimsaanis aangoo isaanii keessatti, waajira Hogganaa Olaanaa cimaa kana gargaarummaan gara duubaa ta'uun hojjatuu dabalee aangoo cimaa qaba. Innis yoo deegarsa Eegdoota Warraaqsaa argate, isaanis adeemsi filannoo seeraa akka isaaf ta'u dhiibbaa taasisuu danda'u. Ibraahim Raa'iisii eenyuu? Gahees duree amantaa waggaa 60 kunis kan dhalatan Maashhad keesstti. Innis Ayaatolaa Kaameenee dhaaluudhaaf kaadhimamaa gaarii akka ta'e amana. Akka Hogganaa Olaanaa ittaanu ta'uuf yaada qabu takkaa oduu deemaa jiruu mormees hinbeeku. Adeemsii isaa baayyeenis akka gahee samaaf qophaa'aa jiruu mul'isu. Innis haqa keessatti aangoowwan hedduu qabatee jira. Ammas ittaanaa ogganaa Gumii ekspartootaati. Haa ta'u seenaan mirga namoomaa, keessattu gaheen inni ajjeechaa jumlaa hidhamtoota siyaasaa bara 1988 tiin deeggarsa ummataa ni dhaba. Garuu filannoo pirezidaantummaa bara 2017 dhabulleen, Hogganaa Olaanoon akka duree haqaatti mudaniin. Erga itti gaafatamummaa fudhataniin asis, midiyaalee irratti mul'achuu kan baayyisuun ''malaamaltummaa irratti qabsoo'' jechuun duula eegalan. Akkuma Alii Kaameenee, Raa'iisiinis waliigaltee nikulaaraa kan 2015 shakkuun, cimsanii ejjannoo warra Eegdoota Warraaqsaa (Revolutionary Guardian) waliin hiriiru.
oduu-42113717
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42113717
Qormaata dandeettii barnootaa barattootaaf of eeggannoo guddaan itti taasifamu
BBC'n Kooriyaa taateewwan qormaata dandeettii barnootaa koolleejii keessatti baramaa fakkaatan garuu adda ta'an qindeessee jira.
Kooriyaa kaabaatti waggaa waggaan, hojjattoonni imala ni tursiisu, gaabfi biiznasiiwwan barfatanii banamu, akkasumas xayyaaronni balali'uus ta'e qubachuu hin danda'ani. Biyyi guutuun ni callisa - kun hundi ammoo sababa barattoonni qormaataa fudhachaa jiraniifi. Guyyaa qormaataa dandeettii barnootaa koolleejiiti. Qormaanni bara kanaas Sadaasa 16 taasifamuuf karorfamee turus, sababa kirkira lafaa Kibba Baha biyyattiitti fi magaalaa Poohaagaan keessatti mudateen torbee tokkoof akka hiiqu ta'e. Sababa balaa uumamaatiin guyyaan qormaata kanaa yoo jijjiiramu kun kan jalqabaati. Garuu yeroo rakkoon hin jirretti, adeemsi qormaataa gaarii akka jiraatuuf mootummaan Kooriyaa sirriitti hojjata. Adduunyaa keessaa adeemsa qormaataa baay'ee qindaa'aa yoo ta'u firii barattoota Yunivarsiitii seenanii kan murteessu dha. Balaliinsi dhorkaa dha. Wantoota jabinaan dhorkaman keessaa tokko balaliinsa xiyyaaraa ariifachiisoo hin taane hunda dhaabuu dha. Dhorkaan kun yeroo qormanni Ingiliffa dhaggeeffachuu jiraatu daqiiqaawwan 35'f kan turu dha. Kunis barattoonni qormaata dhaggeeffachuu biyyattii guutuutti taasifamu irratti argaman akka hin jeeqamneefi. Namoonni qoran balballi itti cufamee turu Waggaa waggaatti, hojjattoonni kutaa qormaataa - warreen qormaata sana baasan fi ilaalan irraa kaasee hanga bulchiinsaatti warri jiran - iddoo hin beekamnetti manni itti cufama. Kunis hanna qormaataa kamuu hambisuuf jedhameetu Al tokko mooraa keessa seennaan, hawaasa alaa waliin qunnamuu irraa guutummaa guutuutti addan citu. Yoo taateen ariifachiisaa kan akka du'iitii maatii yoo hin jiraannee tasa mooraa sana keessaa ba'uu hin danda'anu. Kunis ta'ee kan gadhiifaman yeroo murtaa'eef yoo ta'u, namoota nageenyaatiin eegamaati. Bara kana hojjattoonni 700 ol Onkoloolessa 13 iraa kaasee itti cufamee jira. kana jechuun ji'a tokkoof hawaasa adduunyaa waliin wal-qunnamtii hin qabanu ture jechuu dha. Tajaajila yeroo ariifachiisaa Qormaata kana irra deebiinis ta'e guyyaa biraatti fudhachuun tasa hin danda'amu, hatamuu danda'a waan jedhamuuf - kanaaf qoramtoonni balballi osoo hin cufamin dura ga'uu qabu. Bara kanatti mootummaan Kooriyaa poolisoota 18,018 ta'an adeemsa kana akka to'ataniif, guutummaa biyyattiitti bobbaasee jira. Kutaan ittisa balaa abiddaas konkolaataawwan fi mootaroota dhibbaan lakkaawwaman, yeoroo balaaf oolan fi tajaajila geejjibaa kennan bobbaaseera. Taaksiiwwan baay'ee fi konkolaataawwan mootummaa fi dhuunfaa dhibbaan lakkaawwamanis tajaajila yeroo ariifachiisaa barattootaaf kennuuf iddoo qabatanii eegu. Gabaa, baankii fi dhaabbileen dhuunfaa boqonnaa fudhatu. Gabaan Kooriyaa barattoota qormaataaf deeman jeequu danda'a waan jedhamuuf, sa'aatii tokko barfatee banama. Dhaabbileen dhuunfaa hedduunis hojjattoonni isaanii akka barffatan godhu. Qormaata 'egeree barattootaa murteessu' jedhamee yaadamu kanarratti barattoonni carraa milkaa'inaa walqixaa akka argataniif qondaaltonni ni mirkaneessu.
oduu-43651530
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43651530
Hambaalee Itoophiyaa loltotaan saamaman UK Itoophiyaaf ergisuufi
Muuziyeemin Viktoriyaafi Albert Yunaayitid Kingidamitti argamu hambaalee durii loltoota Biritishiin waggaa 150 dura fudhatamanii turan Itoophiyaaf ergisuufi.
Gonfoon kuni bareedina dizaayinii isaaf jaalatama Hambaaleen kuni gonfoo, uffata cidhaa fi meeshaa dhugaatii itti dhugan fa'i. Yaadi kuni kan dhufe injifannoo bara 1868 Maqadallaatti raawwate yaadachuufi. Kana sababeeffachuunis hambaaleen kuni muuziyemii Landaniitti argamutti hanga Waxabajjii 2019'tti ni agarsiifamu. Akka namoonni seenaa jedhanitti, meeshaalee baras waraana irratti saamaman Maqdalaa irraa gara Ingilizii geessuuf arba 15 fi gaangee 200 fayyadamaniiru. Uffati cidhaa kuni bara 1860 keessa kan hojjetameefi kan Giftii Aadde Xurunash jedhama Meeshaalee hambaa doolaara miiliyoona hedduu baasan akka deebi'uf Itoophiyaan bara 2008'tti dhaabbilee Biritish hedduuf dhiheessite turte. Daarektarri muuziyeemii Viktoriyaa fi Albert (V&A) Tiristiraam Haant hambaaleen kunneen qabeenya muuziyemichaa ta'ani akka turan himani; haa ta'u malee, ''ergisaa yeroo dheeraaf turun'' bakka dhufanitti erguu dandeenya jedhaniiru. Maqdallaa bara 1868 Obbo Haant gaazexaa Art jedhamuutti akka dubbatanitti, ambaasaaddara Itoophiyaa Landaniitti argamuf affeerraan taasifameera. Agarsiisnis gaafa Kamisaa banama jedhameera. Agarsiisa kana irratti meeshaaleen harkaan mukaafi sibila irraa hojjetaman ni dhihaatu. Faaya mormaa kan mootitti Xurunash fi meeshaa warqiirraa hojjetameefi ittin dhugamu ni dhihaatu Dabalataanis, agarsiisichi fakkeenya suura waraanaa durii UK keessa ture agarsiisa jedhu qaamoleen qophiicha qopheessan. Akka muuziyeemichi jedhutti, agarsiisichi fakkeenya suraawwan loltummaa durii muraasa kan qabaatu yoo ta'u, kunis gaazexessummaa suuraa kaasuu jaarraa qaromummaatiif bu'uura tures jedhameera.
oduu-43918310
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43918310
Kiim Jongi-un Kooriyaa Kibbaa waliin 'seenaa haaraa' hojjechuuf waadaa galan
Dursaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi-Un yaa'iin isaan Kooriyaa Kibbaa waliin itti jiran nageenyaaf "ka'umsa" jedhan.
Kim Jong-un wayita daangaa ce'anii Kooriyaa Kibbaa seenan Erga waraanni Kooriyoota lamaan gargar baase bara 1953 keessa goolabamee as yeroo jalqabaaf daangaa ce'uun Kooriyaa Kibbaa daawwachuudhaan qondaala jalqabaati, Kim Jong-un. Guyyaa seena qabeessa kanarratti Kim Jong-un dursaa Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in waliin daangaarratti harka walfuudhaniiru. Obbo Kim marii dhugaarratti hundaa'e Kooriyaa Kibbaa waliin akka geggeessan abdatu. Marii geggeessan irratti dhimmi nageenyaa fi gabbisa niwukilaraa ajandaa gurguddoodha jedhameera. Qabxiiwwan ijoo mariisaaniirratti dursanii walii galaniiru. Garuu xiinxaltoonni baayyeen as dhidhiyaannaa warra Kaabaa kana ija shakkii fi xiyyeeffannaadhaan ilaalaatti jiru. Taateewwan hin barreeffamne Lammiileen Kooriyaa Kibbaa hundi battala hooggantoonni biyyoota lameenii harka walfuudhan kana hawwiin eegaa turan. Wayita jalqaba Kooriyaa Kaabaatti achiimmoo kibbatti deebi'uun hooggantoonni biyyoota lameen daangaa biyyoota lameen addaan footoo irra deddeebi'uun harka walfuudhan namoonni miira abdiin guutameen daawwachaa turan. Taateewwan kunneen wal duraan ta'an homaa karoora barreeffamee lafa taa'e hin qaban. Seenaan haaraan eegalameera Hooggantoonni wayita wal argan agarsiisa aadaa Kooriyaa Kibaatiin dabaalaman. Sanaan booda waahiloonni lameen gammachuudhaan gara Mana Nageenyaa 'peace house' kan Panmunjom keessatti argamutti qajeelan. Bakki kun iddoo biyyoota lameen gargar qooddu mooraa waraanaa kan meeshaa waraanaarraa walabaawaadha. ''Amma seenaa haaraan eegalameera, jalqabbiin seenaa haaraa fi barri nageenyaa dhiyaatteetti,'' jechuun galmee keessummoonni yaada irratti kennanirratti barreessan Kim Jong-un. Walga'iinsaanii waraanaa waggoota kurna hedduuf ture hambisuurratti xiyyeeffata Xiyyeeffannaa marii Mariinsaanii sagantaa gabbisa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa isa walxaxaa ta'erratti xiyyeeffata. Dhimma niwukilara Kooriyaa Kaabaarratti waliigalteerra ga'uun ni cimata jetti Se'ul. Sababni isaa Kooriyaan Kaabaa gama niwukilra misoomsuutiin baayyee deemteetti, dhimma bu'uura jireenyashee ta'e kana salphaatti dhaabsisuun ni cima jetteetti. Hooggantoonni lameen mariisaaniin dura waliin wayita deeman Obbo Kim yaalii niwukilraa yeroof akka dhaaban torbee darbe beeksisanii turan. Tarkaanfiin kun US fi Kooriyaa Kibbaa biratti akka waan gaariitti ilaalameera. Karaa cina kaaniimmoo hooggantoonni kunneen akkaataa waraana bara 1950 -53tti ture sana beekamtii kennanii hambisuun danda'amurratti ni mari'atu, dhimmi nageenyaa fi diinagdee cimaa uumuus ajandaa gurguddoodha.
oduu-55275803
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55275803
Lola Tigraay: Dhaabbileen gargaarsaa lama hojjetootni isaanii Tigraay keessatti ajjeefamuu ibsan
Dhaabbileen idila addunyaa lama kan kenna deeggarsa namoomaarratti hojjetan lolli naannoo Tigraay erga eegalee naannicha keessatti hojjettootni isaanii ajjeefamuu ibsan.
Daanish Reefuujii Kaawunsil(Danish Refugee Council) fi Internaashinaal Reeskiwu Komitee(International Rescue Committe) kan jedhaman sababa lola adeemaa tureen hojjettootni isaanii Tigraay keessatti ajjeefamuu ibsaniiru. Daanish Reefuujii Kaawunsil ji'a darbe kana keessa hojjettoonni isaa sadii Tigraay keessatti ajjeefamuu yoo ibsu, Internaashinaal Reeskiwu Komitee (RDC)n ammoo magaala Shiree buufata baqattootaa Haatseetse jedhamu keessa kan hojjetu hojjetaan isaa tokko ajjeefamuu gabaasaniiru. Waraanni motummaa federaalaa lola Sadaasa 4 eegameen humnootii TPLF naannoo Tigraayitti argaman irratti tarkaanfii fudhataa jira. Motummaan Itoophiyaa Tigraay to'annoo jala oochuufi lolli xumuramu ibsuunsaa ni yadatama. Haa ta'u malee anga'oonni TPLF ammoo ammalleen addawwan hedduun lolli gaggeefamaa jira jedhu. Sababii lola kanaatinis tarii namoonni dhibbaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, kanneen kuma 50 ta'an ammoo qee'esaaniirraa buqqa'uun biyya ollaa Sudaaniitti baqataniiru. Waa'ee ajjeechaa kanaa maal beekna? Waa'ee ajjeechaa kanarratti ammalleen waan hedduun ifaa miti. Odeeffennoowwan argaman mataasaa mirkanneefachuuf ammalleen maloonni komunikeeshinii naannichatti akkuma adda citaniitti jiru. Daanish Reefuujii Kaawunsil (DRC)n hojjetootni isaa ajjeefaman namoota piroojektii naannichaa qabu keessaa tokko kan ta'eetti waardiyyuummaan hojjataa turan akka ta'e dabalee ibseera. Ajjeechaa mudatenis ''baayyee gaddineera'' jedhe dhaabbatichi. Dhaabbati kun ''yaaddoon nageenyaa fi tajaajilli waan hin hojjenneef maatii hojjettoota kanneenii dubbisuu akka hin dandeenye'' jedheera. Internaashinaal Reeskiwu Komitee(IRC) gama isaan hojjetaan isaa naannichatti kan ajjeefame Sadaasa 19 osoo waraanni motummaa magaalattii hin to'atiin guyyoota lamaan dura akka ta'e himeera. IRC'n akkaataa ajjeechaa hojjetaa isaa kanaa odeeffannoo dabalataa argachuufi qorachuuf tajaajilli bilbilaa adda citee jiraachuun isa rakkisuu ibseera. Amma dura maddii oduu Rooyitarsi maddeen dippiloomaatiifi dhaabbilee gargaarsaa waabeffatee namoonni afur dhaabbilee gargaarsaa biyya alaan qacaramanii hojjetan naannoo daangaa Itoophiyaa fi Eertiraatti ajjeefamuu gabaasee ture. Rooyitarsi gabaasa isaa keessatti namoonni kun qaamolee lolatti turan keessaa isa kamiin akka ajjeefaman wanti jedhe hin jiru. Dhaabbileen lameenis gabaasa reefu baasan keessatti hojjattoonni isaanii qaama kanniin akka ajjeefaman wanti jedhan hin jiru. Mootummaan kanarratti waan jedhe qabaa? Torbee tokko dura gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan irratti dhimma kanarratti odeeffannoo mootummaan Itoophiyaa qabu kan gaafataman Ministirri Ijaarsa Dimookrasii Obbo Zaadiig Abrahaa ''amma dhimma kanarratti wantiin beeku hin jiru, gabaasichi qulqullaa'aa kan jiru yoo ta'u, tajaajila bilbilaa deebisaa, daandiis sirreessaa jirra'' jedhanii ture. Dubbii himaan labsii yeroo muddammaa naannoo Tigraayfi Deetaan Ministiraa Ministeera Haajaa Alaa Amb. Reediwaan Huseen gama isaanitiin, ibsa Kibxata darbe gaazexessitootaaf kennanniin, hojjettoonni gargaarsaa irratti dhukkaafamuu kaan ammoo to'atamusaanii himanii ture. Kunis sababii bakka imaluu hinqabneetti imalaniif, kanaafu qajeelafma motummaa dhagahu qabaatu jedhan. Kana yoo ibsanis ''Hojjattooni deeggarsaa buufata sakatta'iinsaa lama humnaan cabsanii erga darbanii booda kan sadaffaa ce'uuf osoo jiranu itti dhukaafamee akka dhaabbatan taasifaman. Boodas to'annaa jala oolfamanii amma gadhiifamaniiru'' jedhan Amb Reediwaan. Naannicha waan haaraa maaltu jira? Waraanni Biyyattii magaalaa guddoo naannichaa Maqalee harka TPLF baasuun kan to'atee Sadaasa 28 ture. Garuu ammalleen naannichatti bakkeewwan garaa garaatti lolli gaggeefamaa jiraachutu gabaafamaa jira. Motummaan Itoophiyaa guyyaa Jimaata har'aa lolli gargaarsi jiraattoota qaqabuu akka hindhorkine himeera. Eejjansiiwwan gargaarsaa garuu ullaan cufamuu, harkafachuu fi ukkarri hojjattota isanii deeggarsa naannichatti akka hin dhiyeessine dhorkuu himu. Deebii komii kanaaf waajira ministira mummee Abiy Ahimadiin har'a kennameen: '' Yaadni gargaarsi namoommaa sababii lola ... naannoo Tigraay keessa gaggeefamaa jiruutiin gufateera jira jedhu dhara,'' jedheera. Itti dabaluunis ibsiwwan kunneenis yaaliiwwan naannicha tasgabbeessuuf taasifamu irratti dhiibbaa qaba jedheera. Lolichi kan maaliitii? Lolli Naannoo Tigraay wayita MM Abiy tarkaanfiin waraanaa humnoota TPLF Tigraay keessaa irratti akka fudhatamuuf ajajan Sadaasa 4 irratti eegale. Ministirri Mummees tarkaanfiichi kan fudhatamu deebii haleellaa buufata waraana biyyatti Naannoo Tigraayi kan Izzii Kaabaa irratti raawwatameetiif jedhanii ture.
oduu-47797087
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47797087
Walaloo Seeneet Gizaachoo eenyutu barreessaaf?
Seeneeti Gizaachoo mucaan xiqqoo garuu waltajjiiwwan garaa garaarratti walaloo samuutti qabattee walaleessuun beekamtuudha.
Walaleessituu Seeneeti Gizaachoo guyyaa kaleessaa waggaa 1ffaa MM Abiy aangoo qabatan kabajuf qophaa'e irratti walaleessiteetti Keessattuu walaloo Kibxata Ebla 2, 2019 waltajjii waggaa tokkooffaa MM Abiy aangootti dhufan irratti dhiyeessiteen walqabatee gaaffiin eenyutu walaloo ishee duuba jira jedhu dhimma namoonni hedduun gaafatan ta'aa jira. Kanaan dura gaaffiifi deebiin BBC'n Seeneet waliin taasiseen gaaffiilee walaloo isheetiin walqabatanii ka'aniif isa gaafannee akka kanatti dhiyeessineerra. Seeneetis bakka itti dhalootaa kaasuun waa'ee walaloo ishee akkasiin BBC'tti himte jirti. BBC: Eessatti dhalatte? Seeneet: Maqaan koo Seeneet Gizaachoo jedhama. Dhaladhee kanan guddadhees Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jaldu magaalaa Gojjoo ganda 01 jedhamuutti. BBC: Attamiini walaloo barreessuu fi dubbisu akka itti eegalte nutti himi mee? Seeneet: Dura obbooleetti tiyyatuu Giiftii Gizaachootu kana hojjachaa ture. Anis isheerraan baradhe. BBC: Sammuutti qabachuu walaloo dheeraa dubbisuun hinulfaatu? Seeneet: Ani dubbisee dubbiseetuman guyyaa sadaffaatti gutummaatti sammuutti qabadha. Yeroo tokkichatti baayyee qabachuuf hin yaalu. Xinnoodhuma xinnoo dubbisaan booda hundumaa sammuutti qabadha. BBC: Ati waltajjii irratti walaloo dhiyeessita. Walaloo kana eenyutuu siif barreessa? Seeneet: Walaloo kan naaf barreessu abbaa kiyya. BBC: Ati mucaa xiqqoodha. Waltajiiwwan irratti walaloo yoo dhiyeessitu hinsodaattuu? Seeneet: Lakkii takka itti qophoofnaan homaa hinsodaadhu. Waanan itti qophaa'ee deemuufis takkaa na jalaa badee hinbeeku. BBC: Walaloo dhiyeessuu fi barnoota kee attamiin adeemsifta? Dhiibbaa hinqabaatuu? Seeneet: Lakkii dhiibbaa omaa hinqabatu. Gaafan hafuu qabuu eeyyama fudheen waan ta'ef waan na jala darbee sana ammoo barsiiftoonni kiyya naaf ibsu. BBC: Dhiheenya kana Ministira Nageenyaa bira deemu kee dhageenyarra. Maaltu ture achi? Seeneet: Achi sababiin itti dhaqu danda'eef, kana dura Pirofesar Efreem Yisaaqi sagantaa tokko Hoteela Hiltaniitti qopheessanii turan. Achirattis affeeramuun ergaa dabarseen ture. Isaanis isuma ilaaluun gara biiroo isaaniitti na affeeran jechuudha. BBC: Waltajjii sanarratti eergaan nageenyaa dabarsite suun maal kan jedhu ture? Seeneet: Ergichi isaa, akkuma bekamu biyya keenya Itoophiyaa keessattuu Oromiyaa keessatti bakkeewwan garaa garaatti lolli ni ka'aa ture. Lola jechuun ammoo haadhoolii, daa'imman, qeerro warra boru imaanaa biyyattii fudhachuuf deeman nu harkaa fudhata. Kana malees jaarsolii fi jaartiin, abbootii gadaa du'aa jiru. Qabeenyaan biyyaas barbadaa'aa jira sababii waldhabdee kanaatiin. Kanaafuu hundi keenyaa tokko taanee qabeenyaa barbadaa'aa jiruu deebisuu qabna. Wal loluu hinqabnu. Walitti haa araaramnu. Kan araaramnu ammoo wal ajjeessuun osoo hintaane, wal marichachuun tokko ta'uudhaan. Kanaafuu haa araaramnu akka wal hinlolleen kan jedhu ture. BBC: Ijoollee akka keetiif mee maal dhaamta? Seeneet: Ergaan ani ijoolleef qabu akka barnoota isaaniitti sirriitti cimanii qo'atan. Deebi'ee ammoo aartiidhuma akka kanaalleen yaaalu akka qaban ergaa dabarsuufiin barbaada. Kana malees safuu, aadaa fi dhuudhaa isaanii dagachu akka hinqabaannee jedhaan.
oduu-55799336
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55799336
Koronaavaayiras: 'Qabeenyi dureeyyii addunyaa 10 ida'amee baasii talaallii hunda keenyaaf ni gaha'
Qabeenyi dureeyyii addunyaa kanaa 10 osoo idaa'ame baasii talaallii koronaavaayirasiif nu barbaachisu ni gaha jedhame.
Jeef Bezos, hundeessaa kaampaanii Amaazoon hojjattoota dhaabbatichaa hundaaf $105,000 jajjabeessitu kenne Akka gabaasa dhaabbata Oksifaamitti, qabeenyi namoota 10 yeroo weerarii koronaavaayirasii hammaatetti baayyee dabaluun walumatti doolara biliyoona 500 fi biliyoona 40 ol ta'eera. Maallaqni hangas gahu namoota hunda sababii vaayirasichaan hiyyummaa hamtuu keessatti kufurraa baraaruu danda’a. Kana malees, talaallii namoota hundaaf qaqqabsiisuuf maallaqa barbaachisu kaffaluu danda’a jedheera dhaabbanni miti-mootummaa kun. Gabaasichi akka agarsiisutti, badhaadhinni dureeyyii kurnan kanaa baasii biyyoonni garee biyyoota digdamaa G20 jedhaman weerara vaayirasichaarraa bayyanachuuf baasan wajjin wal gita. Dhaabbanni gargaarsaa kun qaraxni dureeyyiin garmalee badhaadhan kun kaffalan irra deebiin akka ilaalamu waamicha dhiyeessaniiru. Gabaasni ‘Inequality Virus’ jedhu kun hoggantoonni biyyoota addunyaa fooramii dinagdee Davos jedhamuuf gama toora intarneetiin wayita walgahanitti maxxanfame. Dinagdeen biyyootaa jaarraa kana keessaatti haala kanaan dura hin turreen wayita kufaatii keessa seenetti, mootummoonni biyyoota garaagaraa wayita dinagdeen isaanii deeggaran, qooda dureeyyii saffisaan guddisuun soorummaa dabaleef. Haaluma kanaan, badhaadhinni dureeyyii Bitootessa 18, 2020 hanga Mudde 31, 2020tti doolara tiriliyoona 3.9’n dabaleera. Amma badhaadhinni isaanii kun doolara tiriliyoona 11.95 irra qaqqabeera. Maallaqni kun baasii biyyoonni dureeyyiin garee biyyoota G20 weerara dhibeerra dandamachuuf baasaniin wal gita jedha gabaasichi. Qabeenyi dureeyyii 10 Bitootessa bara 2020 irraa qabee doolara biliyoona 500 fi biliyoona 40’n guddate keessatti, hundeessaa Amaazoon Jeef Beezos, hundeessaa Teslaa Iloon Maskifi hundeessaa Feesbuukii Maark Zukerbarg fa’aatu keessatti argama. Gabaasichi akka jedhutti, Beezos hanga Fulbaana bara 2020tti galiin argate maallaqa jajjabeessituu ykn boonasii $105,000 hojjattoota kaampanii Amaazoon 876,000 hundasaaniif osoo qoodeyyuu, weerara vaayirasichaan dura qabeenya qaburraa gad hin bu'u jedha gabaasichi. Maallaqni kun biyyoonni hiyyeeyyiin weerara kana bayyanachuuf kan isaan baasuu barbaadaniin walgita. Oksifaam akka tilmaametti, namoonni miliyoona 500 caalan sababii weerara dhibee kanaatiin hiyyuumaa hamtuu keessa jiraatu. Kunis lakkoofsa namoota hiyyooman ganna 20 keessatti addunyaarratti hir’atee ture deebisee ol dabaleera Hojii gaggeessan Oksifaam Daanii Sirikanadarajaha BBCtti akka himanitti, qaraxa sooreyyiifi qaraxa korporeeshiinoonni kaffalan haqummaasaa ilaaluun yeroon isaa amma jedhan. Kanarraa ka’uun, UK keessatti qaraxni dureeyyiin kaffalan doolaara miliyoonatti lakka’amuun dabaluu qaba jedhan. Dureeyyii kanaan wajjiin wal bira wayita madalaamu, yeroo weerara dhibeetti UK keessatti namoonni gargaarsa maallaqa guddaa arjooman namoota beekamoo, namoota ispoortii keessatti beekamoo ta’aniifi hojii bizinasii hoggananiidha. Ji’a darbe keessaa haatii warraan duraanii Jeef Beezos, baankii nyaataafi deeggersa yeroo muddamaaf kan oolu doolaara Ameerikaa biliyoona afur gumaachite. Makenzii Iskoot, toora biloogii isheerratti lammilee Ameerikaa sababii weerara dhibeeetiin rakkatan gargaaruuf maallaqa kana gumaachuu ibsite. Hundeessaan Tiwitarii Jaak Dorsii namoonni weerara dhibichaan miidhaman akka bayyanataniif, doolaara biliyoona tokko Ebla darbe keessa gumaache, maallaqni kun galiin inni argatee keessa harka nuusa qofaadha. Biil Geetiifi haatii warraan isaa Melindaan, doolara miliyoona 300 fi miliyoona 5 talaalliiifi wal’aansaaf kan oolu karaa dhaabbata gargaarsaa gumaachuu waadaa seenanii turan. Barreessaan Harii Potar garuu namoota mana hin qabneef weerara dhibeetiin miidhamaniif doolaara miliyoona tokko gumaachite.
oduu-42015452
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42015452
Waa'ee ogummaa waabeekaa Xalsam yeroo baay'ee falfala jedhamee waamamu hangam beektu?
Xalsam ogummaa waabeekaati. Ogummaa humna addaa qabuudha. Hundeen jecha Xalsam afaan Gi'iizii yoo ta'u hiikni isaas fakkeessuu, bakka buusuu akkasumas bareechuu jechuudha.
Lammiileen Itoophiyaa durii keessumaa Kaaba Itoophiyaatti jaarraa lammataa irraa eegalani ogummaa itti-fayyadaman akka ta'e himama. Ogummaan kuni gadaamii fi barreeffama kal'ee ykn gogaa irratti barreeffamu, Biraannaa, jedhamu irratti hojiirra oole. Ogummaan waabeekaa Xalsam jechoota, baala akkasumas mallattoo humna addaa qaban of keessaa qaba. Humna fayyisuu qaba waan jedhamuuf kan akka kitaabatti fayyadaman jiru. Ogummaan kun yeroo ammaa bakka muraasa qofa jira. Fakkiin Xalsam kunis wantoota gubbaatti humna addaa qabu jedhaman kana fayyadamuun fakkii kaafamu dha. Xalsam fayyisuu qofa osoo hin taane, nama fuula duraa akka hin mulanne gochuu, bareechuu, akkasumas afuura hamaa ofirraa dhorkuuf tajaajilu 'Aqqaabe Ri'iis' jedhamu qaba jedhu namoonni waa'ee isaa beekan. Tawaldabirhaan Kidaana, Asmaraatti kan dhalate yoo ta'u, yeroo umuriin isaa waggaa tokko ture gara Itoophiyaa kan dhufe. Xalsam fayyadamuunis fakkii kaasa. Bataskaana Gabra Manfas Qidduus magaalaa Maqalee argamutti barumsa amantaa barate. Osoo kutaa saddeet baratu gidduutti addaan kuteeti gara Gojjaam imaluun gadaamii Xaanaa Qirqoos kan seene. Gadaamii sana keessatti waggoota sadiif ogummaa waabeekaa Xasam abbootii amantaa irraa barate. Ogummaa waabeekaa Xalsam biyyoo, biqiloota, baala adda addaa fi abaaboo irraa akkamitti fakkii kaasuun danda'amu qorate. Gara Kaaba Wallootti imaluunis gadaamii Yimrihaanna Kiristoositti waa'ee Xalsam waggaa tokkoof barate. Isaan booda gadaamii Dabra Libaanoos Kaaba Shawaa argamutti adeeme waggaa tokkoo fi walakkaaf barateera. Tawaldabirhaan gara Bishooftuu deemees gadaamii Beta Rufaa'elitti waggaa tokkoofi ji'a sadiif turuun waa'ee Xalsam hedduu qorate. Turtii isaa kana keessatti Xalsamiin qaroomina lammiilee Itoophiyaa duraanii akka ta'e hubate ni dubbata. ''Jalqaba Waaqatu fakkii kaasuu eegale, dhalli namaa bu'aa ogummaa waabeekaa Xalsam Waaqaati. Dhalli namaas Waaqarraa bare ogummaa kana itti fayyadame. Kanaanis, ergamtoota waliin itti haasa'a. Yoo ogummaan isaa cime immoo seexana waliin illee haasa'uu danda'a,'' jechuun Tawaldabirhaan dubbata. Ogummaan Xalsam Itoophiyaa keessatti gadaamiiwwan adda addaa keessatti argama. Tawaldabirhaan waa'ee Xalsam gadi-fageenyaan kan qorate yoo ta'u fakkii hedduu kaasa. Fakkiiwwan isaas Imbaasii Ameerikaa, Tiyaatira Biyyaalessaa, Viileejii Natsaa Aartii, Hoteela Sharaatan, akkasumas magaalota naannoo Tigraya adda addaatti agarsiisa suura Xalsam dhiyeesseera. Beekumsa kanas dhalootaaf dabarsuuf biiroo aadaa fi turizimii naannoo Tigraay waliin ta'uun bakkeewwan shanitti dargaggootaaf leenjii kennuuf jedhe akka hin milkoofne hima. ''Xalsam immoo maali?'' naan jedhani jedha. Gogaa irratti kaase itti agarsiise garuu diduu isaanii dubbata. Amma mana isaa cufate akka hojjetuufi akka itti hin tolle kan hime. Hanga halkan qixxeetti Tawaldabirhaan Shaamaa ibsuu fi ixaana aarsuu jalata. Qulqullooota sagal bara darbe kaasuuf shaamaawwan 78 ibseera. Yeroo baay'ee dubartoonni ogummaa waabeekaa kanatti hin hirmaatan. Sababni isaas, falfala jedhame waan amanamuuf waan namni isaan jedhu sodaatani dhiisu jedha Tawaldabirhaan. Yeroo ammaa mana barumsaa Intallakchuwaal ogummaa fakkii ammayyaa barsiisa. Ogummaan waabeekaa Xalsam baduufi jedhe akka yaadda'u kan amani Tawaldabirhaan, waan qorate kitaabatti baasuuf jedhe gargaarsa akka dhabe dubbata.
oduu-47789362
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47789362
B/J Kamaal Galchuu: 'Murtee aangoo irraa ka'u eegaan ture'
Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa B/J Kamaal Galchuu turtii ji'oota jaha booda aangoo irraa kaafamusaanii BBC'tti himan.
Dhimmicha ilaalchisees ''Xalayaan naaf ergame kaleessa (Wiixata) irraa eegale hojiirraa gaggeeffame ibsa,'' jechuun BBC'tti himaniiru. Sababni irraa ka'anif akka hin beekinillee himu. ''Hin beekamu. Waan ibsame hin qabu,'' jedhan. Murtee dura marii, gamaggamas ta'e haasaan akka hin turre kan dubbatan qondaalii duraanii waraanaa biyyattii, xalayaa kana irratti mallattoon Obbo Lammaa akka taa'e himu. Haa ta'u malee, murtee kana eegaa akka turan dubbatu. ''Waan lamaaf eegaa ture. Tokkoffaa, akkaataa isaan hojii paartiifi hojii mootummaa itti hojjetani amantaa paartii kennaan dhuunfaa kiyyaatiinis faallaadha. Nuti paartiin sududaan tajaajila hojii mootummaa guyyaa guyyaa keessatti seenuu qaba jennee hin amannu. ''Lammaffaa sababaan ramaddii kiyyaatu booda booda yoo hubadhu polotikaa hawachuudhaafi akka jaarmayaatitti ofitti nama galchuudhaaf xiqqoo kan ilaalcha keessa galche natti fakkaata. '' Qondaalli kuni turtii waggoota 13 booda waamicha MM Abiy taasisaniin waggaa darbe biyyatti kan deebi'an. Baatii Onkololeessa keessas Hogganaa Biiroo Nageenyaa kan Oromiyaa ta'un muudaman. Muudamni isaanii keessumaa miseensa ODP osoo hin ta'in ta'un isaafii bakki isaas kan nageenyaa ta'un isaa bulchiinsa Obbo Lammaa irratti namni imaanaa akka qabaatu taasiseera. B/J Kamaal garuu yeroo aangoorra turanitti ramaddiifi to'annoo hojjeettoota Biiroo nageenyaa irratti ODP'tu olaantummaa qaba jechuun himatu. Dhimma kana irratti waajjira bulchiinsa Oromiyaas tahe waajjirri ODP waan dubbate hin qabu. Dhaabni Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa (ATWO) kan isaan dura taa'aa ta'anif ODP'n 'hanga ce'umsaatti kanatti wal gargaarree keessa haabaanu' jechuun waliin hojjechuuf waliigalaniiru. ''Waliigaltee yaadaa malee kan mallattaa'e hinqabu,'' kan jedhan qondaalli kuni dhaaba isaaniifi ODP gidduu haasawni taasisuuf yaadames milkaa'uu dhabu himu. ''Lammii hundaafi tika nageenyaa ta'u ijaaruu barbaachisa. Hir'inni kuni baay'ee guddaa ta'u isaa agarra,'' jechuun yeroo hoggansa nageenya irra turan waan hubatan himu. Ammaan achis ''Hojiidhuma dhunfaatiifi paartii kiyya hogganutti deebi'a,'' jechuun BBC'tti himaniiru. Dhaabni isaanii erga qabsoo karaa nagaatti seene booda maqaa isaa Paartii Biyyoolessa Oromiyaatti jijjireera. Kanaan duras, Daarektara Olaanaa OBN kan ture Mohaammad Adamoo dhiibbaa namoota waajjira ODP keessaan aangoo irraa kaafamuu ibsuun ni yaadatama. Deebii ABO'f Hayyu Dureen ABO Obbo Daawud ibsaa kanaan dura qondaalli waraanaa kuni bakka nageenya Oromiyaa muudamu isaanitti komii akka qaban himani ture. Tarii sababa kanaaf achi ka'u danda'an isa jedhuf garuu qondaalli kuni hin fudhatan. ''Anaaf wanta gatii qabu miti wanti dhiyaataa ture suni,'' kan jedhan B/J Kamaal Galchuun isa caalaa waan dhaabi ODP iti adeemaa jiru rakkoo akka fidu kaasu. Jijjiirama biyyattiifillee yaaddoodha jedhu. ''Garamitti deemaa akka jiran, amala maalii guddifachaa akka jiran mallattoo gaarii miti,'' Jechuun ce'umsaaf sodaachisaa ta'u himu. Rakkoo nageenya Oromiyaa Erga MM Abiy aangootti dhufani as rakkoowwan nageenyaa bakkeewwan mudatan keessaa Lixa Oromiyaa akkasumas Kibbi ni eeramu. Keessuma lafa waraanni Bilisummaa Oromoo jirutti irra deddebbiin rakkoon uumamaa turus Hogganaa Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa ta'un ji'oota shanif kan tajaajilaa turan garuu keessa akka hin seenne himu. ''Rakkoo mootummaafi ABO mudate keessaa ani qoodallee hin qabu. Hojjechaallee hin turre. Waan kana kan waliin hojjechaa turan ODP fi Shaneedha [ABO],'' Jedhaniiru. Sababni kanaaf, komii gama ABO'tin ka'a tureefi isaaniis ofirraa waan dhiisanif akka ta'e himu. Haa ta'u malee, rakkoon Lixatti mudate gara biraatti akka hin ceene hojjetaa turu isaanii BBC'tti himaniiru.
oduu-48809934
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48809934
Riiformiin MM Dr Abiy Ahmad garaagarummaa saboota gidduu jiru saaxile
MM Dr Abiy Ahimad erga seenaa biyyattii keessatti rifoormii adeemsaa olaanaa ifa taasisanii kaasee, rakkoo cimaa jalatti argamu.
Ajjeechaan dhiheenya kana Itaamaazyoor Shuumii waraana biyyatti irratti yaalii fonqolacha gaggeessuuf jedhamun Naannoo Amhaaraatti gaggeefame ture adeemsa rifoormichaa baayyee miidheera. Gulaalaan BBC Fergaal Keen haalawwan ammaan tana hoogganaa dargaggeessa aardii Afrikaa kanaa mudataa jiru akka itti aanu kanatti xinxaleera. MM Abiy aangootti erga dhufanii maaltu jijjiirame? 'Ameerikaan MM Abiy biyya ni tasgabbeessa amantaa jedhu qabdi' Baatiiwwan muraasa dura Abiy Afriikaa keessatti akka gaggeessaa riiformiittii ol kaafamee leellifamaa ture. Innis hidhamtoota siyaasaa hiikuun, walakkaa aangoo ministirummaas dubartootaaf kennuun, boordii filannoo biyyattif dubartii mudeera. Akkasumas waldhabdee biyya ollaa Eeritraa waliin ture hiikuufis hoogganaa biyyattii waliin tarkaanfii seena qabeessa fudhateera. Muddee darbe wayitan argeettis, ofitti amanummaadhaan gutamee ture ''uummanni attamiin nagaan jiraachuu akka danda'u hubachuuf addunyaan'' gara Itoophiyaa ilaalu qaba kan naan jedhe. Miliyoonn balaarratti argamu Amma erga Naannoo Amaaraatti yaaliin 'fonqolchaa' motummaa naannichaarratti taasifameera jedhamee, ajajaan waraan Janaraal Se'aree Makoonnii ajjeefameen booda ejjeenoon MM Abiy fi hegereen rifoormii isaa waan tasgabbii dhabu fakkaata. Namtichi yaalii fonqolchichaa duba jira jedhame ajjeefamee, namoonni kana keessattii qooda qabu jedhamaniis to'annoo jala oolaa jiru. Haata'u malee namootni dhimma siyaasa biyyattii dhiyeenyattii beekan kun xumura dubbii dhalateeti jechuun nama dhibaa jedhu. Akkasumas baay'ina buqqaattootaa gara mil. 2.5 fi fi garaa garummaa dhaaba biyya bulchuu ADWUI jidduu jirurraa kan ka'e Dr. Abiy ammas qormaataaf saaxilamoodha. Innis hanga ta'een hamilee guddaa rifoormii qabuun matumsaatiinuuf balaaf saaxilamaa jira. Itoophiyaan naannoolee sagal sabummaarratti bu'uureffaman irraa biyya ijaaramtedha. Sabbonumaan sabarratti hundaa'ees bara bulchiinsa Dargiitti garmalee gadi qabamee kan turee yoo ta'u, waggootan 27 sirna ADWUI keessattis akkasuma cimse cunqursaa keessa ture. Abiy dirree siyaasaa bal'isuun ammoo walgaarrefannaan saboota gidduu jiru akka dabalu taasisee. Sirni federaalizimii sabarratti bu'urrefattee, sochii namoota siyaasaa dhimma isaaniif itti fayyadamuu fedhaniif kan saaxilameedha. Saffisni MM Abiy ittiin deemaa turan paartilee obboleewwaniikanneen paartii biyyicha bulchaa jiru Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa(ADWUI) uuman gidduutti tasgabbiin akka hin jiraanne taasise. Keessattuu qoollifannaa mootummaa naannoo Tigraay fi mootummaa Giddu Galeessaa gidduuttii dhalate qormaata ture. Naannoon Tigraay baay'ina uummata Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 6 qofa qooddatti, garuu olaantummaadhaan biyyattii bulchaa turan. 'Akka deemtan feena' Baay'ina uummata Itoophiyaa keessaa harki hedduun kan keessatti kan argaman naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti keessumaa ammoo dhiyeenya kana naannoo Amaaraa keessatti paartilee sabummaarratti ejjennoo jabaa qaban dhalataniiru. Paartileen dhiyeenya hundeeffamanii as ba'an hedduun isaanii siyaasa sabarratti hundaa'e geggeessu, namni tibbana yaalii fonqolcha mootummaa fashalaa'e naannoo Amaaraatti qindeesse jedhame, Asaaminew Tsiggee milishoota addaa saba Amaaraa hundeessaa ture jedhamee himatama. Naannoo Somaalee keessatti kaampii baqattootaa keessatti namoonni 700,000 ta'an rakkoo keessa jiru, isaan kunneen walitti bu'iinsa saba Oromoo waliin tureen qe'eerraa buqqa'anii buuafata baqattootaa keessatti argamu. Rakkoo kanaan gama Oromoon namootni miiliyoona tokko ta'an naannoo Somaalee keesaa buqqa'anaiiru. Sababii walitti bu'iinsa sabootiin lammiileen hedduun qe'eerraa buqqaafamaniiru Wayita waa'een walitti sabaa fi buqqaa'uun lammiileen dubbatamu jecha qondaaltonni biyya addunyaa kun fayyadaman wal fakkaata. 'Haleellaan nurra gahe salphaatti kan ilaalamu miti' Falaasama 'ida'amuu' MM Abiy Ahimad Bara MM Abiy Itoophiyaa keessatti kan jedhamu mootummaan abbaa irree rakkoodhaaf kan saaxilamu wayita of haaromsuu eegaluudha. Wayita sirna abbaa irrummaa waa'een yaaddoo sabootaa as ba'ee hin dubbatamu. Dhokateema turee wayita walabummaan argamu dho'ee ba'a. Akkuma mootummaan dhufee darbuun sababoonni garaagaraa ni dhiyaatu. As keessatti waan Yuugoslaaviyaa duraanii keessatti mudate kaasuun ni danda'ama. Xumura Jaarraa 20ffaa keessa bara bulchiinsi mootolee garaagaraa fedhii dhuunfaa isaanii mul'isaa turan keessa walitti bu'iinsaa sabootaa uumameen namoonni dhuman. Kunimmoo inumaa sababii jibbiinsi saboota gidduu ture qofaaf osoo hin taane sababii aangoo dhuunfachuuf namoonni dhuunfaa carraaqaniif ture. MM Abiy garuu nama akkanaa miti. Abjuun isaa kan haaromsaa akkasumas hunda hammataadha. Kanaaf Ministirri Muummee kun yeroo kanatti suuta tasgabbaa'ee deemuu isa barbaachisa. Yaalii fonqolcha mootummaa booda miira aaariin guutameen namoota walitti qabanii hidhuun mufii kan biraa kaasuu danda'a. Giddudhuma kana sababa kanaan naannoo Amaaraa keessatti namoonni 250 caalan hidhamaniiru. Wayita taateen akkanaa mudatu eeganii interneetii fi tajaajila bilbilaa dhabamsiisuun diina rifachiisuufi karaa ittiin nyaaphi ergaa nama jeequ ittiin dabarsu dhiphisuu ta'ullee mootummaa Abiy iddoo duraatti deebisuu mala. Waadaa seenan, seera tuman deebi'anii arraabuu ta'a. Biyyattiin jette-jetteefi tilmaamaan guutamteetti. Odeeffannoo MM Abiy muraasa
oduu-45028027
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45028027
Filannoo Zimbaabuwee: Mormii cimaan deggartoota paartii morkataan ka'eera.
Erga deeggartooniii partii morkataa mormii eegalaniii loltoonni magaala gudditi Haraaree keessatti dhukaasa bananiiru.
Mormitoonni alaabaa suuraa Pireezdaantii Zimbaabuwee Eemarsan Minaangangawaa gubuun mormii isaani ibsaaniiru Yoo xiqqaate namootni sadii rasaasan kan ajjeefaman yeroo tahu kan biroo kan mada'aniis akka jiran gabaasameera. Bu'aan xumura filannoo kan amma yoonatti ifa yoo hin taaneyyuu, gareen to'anna filannoo Gamtaa Awuroppaa bu'aa filannoon kanaa hin ibsamiin turuun isaa yaaddessaa akka ta'e ibsaniiru. Looltoonni magaalaa Haraareetti dhukaasaa bananiiru Paartiin Zimbaabuwee biyya bulchaa jiru Zanu-PF teessuma paarlaamaa caalaa akka mo'ate bu'aan filannoo agarsiisaa jira. Pirezedaanti Immersen Minaangaaguwaa arka baayyee caaluun mo'ateera. Haata'u malee, paartiin dorgomaa cimaa MDC Alliance jedhamu garuu filannoon hatameera jedha. Kibxata kadhimamaan isaanii Nilsen Chaammisaa mo'ateera jechuun dubbatanii turan. Taajjabdoonni biyya gara garaarraa filannoo kana hordofaa turan gabaasa isaanii dhiyeessuuf jiran. Filannoon kun erga Rooberti Mugaabee aangoo bara dheeraaf qabatanii turanirraa jigfamaniin booda kan jalqabaati. Mugaabeen sagaleesaa paartiisaa kan ta'e Zanu-PF'f hin kennu jechuun isaa ni yaadatama. Akka Komishiniin Filannoo Zimbaabuwee jedhutti Zanu-PF teessuma 110 yommuu argatu MDC Alliance 41 argateera. Manni Marii Biyaalessaa waliigalaan teessuma 210 qaba.
oduu-46608436
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46608436
Miseensoti garee Naazii dhorkamee hidhaman
Cimdooliin maqaa mucaa isaanii Adoolf Hitlar jechuun moggaasan miseensa garee shororkeessaa 'National Action' jedhamuu tahuun himataman hidhaa bu'aniiru.
Adaam Toomaasfi Kilaawudiyaa Paataatas miseensa garee shororkeessummaa dhorkame tahuun himataman Nama ganna 22 Adaam Toomaasfi nama ganna 38, Kilaawudiyaa Paataatas, nam Daani'eel jedhamu wajjin Ingilaandittii ''sanyummaatti amanuun seenaa dheeraa qabu'' isaan jedhaniiru murteessaan. Dhaddachi Barmiinghaamitti taa'ame cimdooliin kunneen ''dinqisifannoo'' Adoolf Hitlariif qaban agarsiisuuf maqaa mucaa isaanii maqaa isaatti moggaasan jedheera. Walumaagalatti qabata kanaan namoota jaha irratti hidhaan waggaa 6 caalu murtaa'eera. Daanyaan dhadachichaa hirmaattota 'kaayyoo hammeenyaa' isaan jedhaniiru. "Kana malees daanyaan '' Gochaan kuni diimookiraasii dhabamasiisuun biyya kanatti hokkorrifi ajjechaan akka babala'tu gochuu dha. Adeemsa Naaziin fayyadamuun immoo hawaasa duguuuguu dha'' jedhaniiru. Himatamaan Toomaas jedhamu yaada sanyummaa akka qabu yoo amanu, kitaabni qajeelfama shororkeessumma Anarchist Cookbook jedhamu harkatti argameera. Poolisiin mana cimdoolii kanaatti xiyyaafi meeshaalee waraanaa lafa ciisichaa mucaa biratti aragchuu dabalatee, alaabaafi meshaalee mallattoo Naaziitiin bocaman argachuu himeera. Gareen sirna haaraa Naazii gaggeessu National Action bara 2013tti kan hundaa'e yoo tahu bara 2016tti seera shaororkeessummaatii seeraa ala taheera..
oduu-48892475
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48892475
''Namoonni ibsa [miidiyaaf] kenniinuus hidhamuu dandeenya'' Abbaa Alangaa Itti - aanaa Naannoo Amaaraa
Abbaan Alangaa Naannoo Amaaraa namoota gocha Waxabajjii 22, 2019 naannichatti uumameen shakkaman to'annoo jala akka oolfaman taasisaa jiraachuu beeksiise.
Itti gaafatamaa Itti Aanaan Waajjira Abbaa Alangaa Naannichaa Saabaa Damaqqa BBC'tti akka himaniitti, hanga ammaatti shakkamtooti 220 ta'an to'annoo jala oolaniiru. Abbootiin alangaa fedeeraalaa fi naannichaa akkasumas qorattoonni shakkamtoonni bakkuma jiranitti qorannoo irratti gaggeessaa jiru jedhaniiru. Kanneen to'annoo jala oolfaman mana murtiitti dhiyeeffamu fi himannaan irratti banamusaa dubbachu akka hindandeenye kan himan itti gaafatamtuun kun, ''namoonni to'annoo jala olfamanis kanneen tarree keessatti argamaniidha'' jedhaniiru. Aanga'oota Naannoo Amaaraa keessaayis shakkamtoota jedhamuun hanga dubbichi tasgabbaa'utti hidhamusaanii ibsamee akka ture ilaalchisee gaaffii dhiyaateefis akkanatti deebisan. ''Hanga tasgabbaa'uu jedhamee miti. Akka garee qorannootti ittigaafatamtoota hojii ykn namoota haala addaatiin shakkamanii to'atamaniif maqaan addaa itti hinkennamne.'' Akkasumas gaheen namoonni shakkamuun to'ataman kunneen haala uumamee ture keessatti bahan maal fakkaata? kan jedhuuf adeemsi qorannoo kan hiiku ta'u itti ida'un himaniiru. Aaanga'oonni akka Janaraal Tafarraa Maammoo fi Koloneel Allabal Amaara fakkaatan 'yaalii fonqolcha motuummaa' taasifame ilaalchisee Tv irratti ibsa kennaa turan. Isaanis aanga'oota Birgaadar Janaraal Asaamminaw Tsigeetiin 'danqmanii ture' jedhaman keessatti argamu. Haa ta'u malee, aanga'oonni kunneenis ammaan tana to'annoo jala olfamaniiru. Kanaafis, itti aanatuun waajjirichaa deebii kennan qabu. ''Qaamni miidiyaan isaan dhiyeessees kaayyoo adda addaatiif itti fayyadamu danda'a. Sababiinsaas, namoonni kunneen kan nageenya naannichaa hoggananiidha. ''Namni harkaafi harkatti qabame waan hinturreef waa'ee taatee uumamee ilaalchisee miidiyaatti dhiyaachuun dubbachu ni danda'u. ''Kan dhiyaatanii dubbatanis dhimma nuti qabannee waliin kan hangas mara walitti dhufuu miti,'' jechuun aanga'oonni akkuma shakkamtoota gara biroo to'atamu isaanii hubachiisu. Itti aantuun waajjira Abbaa alangaa naannichaa Saabaan akka jedhaniitti, eenyumtu hanga shakkameetti to'annaa jala ni oolfama. ''Namoota ibsa kennine keessaa boru iftaan eenyu keenyayyuu (mana hidhaa) galuuf carraan akka jiru tilmaamuun barbaachisaadha. Wanti amansiisu homtuu hinjiru,'' jechuun dubbataniiru. Haaluma walfakkaatunis, Komishiniin Poolisii fi Waajjirri Komunikeshiniin Motummaa Naannoo Amaaraa ibsa Jimaata kennaniin, rakkina magaalaa Baahir Daar keessatti mudatee tureen wal qabatee namoonni 218 ta'an shakkamuun to'anno jala oolfamusaanii beeksiisaniiru.
oduu-45319254
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45319254
Adamoo seeraan alaa: Saroota adamsistoota seeraan alaa adamsan
Adeemsi haaraan tokko hiriyyaa amanamaa ilmaan namaa kan ta'an sareetti fayyadamuun adamsitoota seeraan alaatiin irra aanamuuf yaadameera.
Ilkaan arbaa, gaanfa warseessaa (rhino) fi kanneen biraa malawwan geejjiba adda addaatiin bakkaa bakkatti daddabarfamuun saroota leenjii'aniin adamsuun danda'ameera. Malli haaraan kunis biyya bu'aaleen bineeldootaa hedduun keessatti ni daddabarfama jedhamu Keeniyaa buufata Mombaasaatti. Qorannoon dhimmicha irratti dhiheenya kana hojjatame tokko akka mul'iseettis, buufata Mombaasaatti qofa bara 2009 hanga 2014tti ilkaan arbaa kilograama kuma 15 karaa seeraan alaan dabarfamu agarsiiseera. Ilkaan hangas argachuudhaaf harboonni 2,400 ajjeefamuusaaniifi kanneen tibba sakkatta'insaatti hinqabamiin dabalatee lakkoofsi kun kanaan ol akka ta'u qorannichi mul'iseera. Ogeessi eegumsa bineeldootaa Diriiw Maakvey, kana booda lakkoofsi kun hir'achuu akka danda'u abdii qabu hima. ''Adeemsi kun waan baayyee geeddara. Kunis ilkaan arbaafi qaamoolee bineeldotaa karaa seeraan alaatiin gara biyyoota garaa garaatti ergaman to'achuuf ni gargaara'' jedheera. ''Dandeettii sareewwan waan funfachuuf umamaan qabanitti leenjiin yoo dabalame, dhimmoota ol fageenya meetira 12 keessatti olkaa'ame adda baasuu ni danda'u.'' Daddabarsitoonni seeraan alaas malawwan baayyee walxaxaafi yeroo yerootti kan geeddaramaniitti waan fayyadamaniifu hojiin saroota kun garuu kanarratti jijjirama olaanaa fidu akka danda'u Diriiw ni yaada. Bufataalee sakkatta'insii irratti taasifaman irratti saamuudi qilleensaa bakka mi'i itti fe'amurraa fudhatamuunsaroon akka fuunfatan taasifama. Saroonni damdeettii umamaa saaniifi leenjii kennameefiitti gargaaramuun mallattoo kennu. Adeemsi to'annoo haaraan amma yaaliirratti argamu kunis bidiruuwwan kuma 20 karaa buufata Mombaasaa darban irratti guyyaa tokkotti sakkata'iinsa gaggeessuuf dandeessiseera. Kana dura garuu oggeessoonni to'annoo bakka mi'i itti fe'ame tokko tokkoon seenuun sakkata'u ture. Sakkatt'iinsa hanga ammaatti gaggeeffameenis baatiiwwan jahan darban qofa keessatti feetoonni mi'aa seeraan alaa qaamoolee bineeldootaa fa'an 26 to'annaa jala olfamaniiru. Ragaaleen argamanis dadabarsoota maalummaa yakkawwan ofeeggannoo olaanaan sadarkaa addunyaatti raawwataman hubachu akka dandeessise aanga'oonni biyyatti ibsaniiru. Dhaabbanni Eeguumsa bineeldootaa Addunyaa akka jedhuutti, warseesoota gurraachaa fi adii gara kuma 25 ta'aniitu argamu. Afiirkaa Kibaa qofatti kanneen kuma tokko ol ta'an adamsisttota seeraa alaatiin ajjeefamaniiru. Guyyaattis arboonni Afriikaa 55 akka ajjeefaman dhaabbatichi ibseera.
oduu-54861706
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54861706
Joo Baayidan haasawa injifannoo booda taasisaniin biyya ‘tokkoomsuuf’ waadaa seenan
Joo Baayidan amma yeroon yeroo Ameerikaa ‘‘itti wal’aananidha’’ jechuun ‘‘biyyattii qoqqooduurra tokkoomsuufan hojjadha’’ jechuun waadaa seenaniiru, haasawa injifannooo booda taasisaniin.
Warra isaaniin hin filanneef ergaa dabarsaniin, ‘‘carraa waliif haalaannu’’ jedhani. Baayidan morkii cimaa booda Tiraampiin moo’uun pirezidantii 46ffaa ta’uuf qophiirra jiru. Goolfii taphachaa wayita turanitti injifatamuu isaanii kan dhaga’an Abba Tiraampi, ammallee omaa hin jenne. 1990 as pirezidantii marsaa tokko qofa biyya bulche ta’uun isaan jalqabaa ta’uusaaniiti, Tiraampi. Gareen isaanii kutaalee biyyattii hedduutti adeemsa filannichaa himatanus, warri filannicha hoggane garuu filannichi waliin dha’amuusaaf ragaa tokkollee hin qabdan jechaanii jiru. Deeggartoonni Baayidan gammachuuf daandii magaalota gurguddoorra ba’aniiru. Kan Tiraampis aarii ibsachuuf ba’anus wanti badaan gabaafame ammallee hin jiru. Baayidan: 'keenya akka diinaatti ilaaluu dhaabuu qabna’ Deeggartoota isaanii magaalaa Wiilmiingitan, Deelaweer bakka konkolaataan itti dhaabbatutti walitti qabamanii turaniif haasawa taasisaniin, ‘‘Pirezidantii qoqqoodu osoo hin taane kan tokkoomsu, naannolee diimaafi cuquliisaa osoo hin taane Ameerikaa tokko taate ilaalu ta’uuf waadaan seena’’ jedhani Abba Baayidan. ‘‘Amma yeroon jette jettee hamaa dhiisuun gab jennee kan itti wal dhaggeeffannuufi ilaallu yoo ta’u, jijjiiramuuf ammo akka diinaatti wal ilaaluu dhaabuu qabna’’ jedhani. Haariis: ‘Abdiifi tokkummaa filattani’ Dubartii jalqabaa sanuu gurraacha pirezidantii itti aantuu ta’uun Baayidan waliin injifannoo kan gonfatan Kaamaalaa Haariis, ‘‘abdiifi tokkummaa filattani’’ jedhani miiltoo isaanii Baayidaniin waltajjiitti yoo affeeran haasaa taasisaniin. Ani dubartii ishee jalqabaa hojii kanaaf kaadhimame ta’us, ishee dhumaa hin ta’u jechuunis dabalataan himaniiru. 'Tiraampi harka kennuuf karoora hin qabani’ BBC’n Baayidan injifachuu kan hime bu’aa filannoo hin raggaane kan kutaaleen bulchiinsaa sagalee lakkaa’uu xumuran ifa godhan irratti bu’uura godhachuuni. Kan akka Wiiskoonsin ammo sagalee lakkaa’uun ammas hin xumuramne. Ammallee bu’aa filannoo himame irratti yaada kan hin kennine Tiraampi, Tiwiitar gubbaa anatu innifate yaada jedhu hedduu maxxansaa turaniiru. Tiwiitaris wanti kun mirkanaa’aa miti jechaa ture. Gareen Tiraampis pirezidantichi ammallee harka kennuuf qophii miti jedhani.
oduu-52419402
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52419402
Qorichi koronaavaayirasii fayyisa jedhamee abdatame ture ‘yaalii jalqabaan fashale’
Qorichi farra vaayirasii 'remdesivir' jedhamuufi qoricha koronaavaayirasiif akka ooluuf yaalii kilinikaa jalqabaa namarratti taasifameen milkaa’uu dhabuun isaa gabaafame.
Qorichi 'remdesivir' koronaavaayirasii fayyisa jedhamee bal'inaan abdatamee ture Qorichi kuni koronaavaayirasii yeroo ammaa addunyaa yaaddoo keessa galche hin fayyisa jedhamee bal’inaan abdatamee ture. Qorichi kuni Chaayinaatti yaalamus nama koronaavaayirasiirraa fayyisuu hin dandeenye jechuun ragaan tasa marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaarra bahe mirkaneesse. Akka ragaa kanaatti, qorichichi haala dhukkubsattootas hin foyyeessine orgaanizimii dhiiga keessa jiruufi dhukkuba daddabarsuuf xiqqeessuu hin dandeenye jedhameera. Dhaabbanni Ameerikaa qoricha kana oomishu ‘Gilead Sciences’ jedhamu garuu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa gadhiise qorannoo taasifame haala dogongoraan ibse jechuun himate. Waa’ee qorannoo kanaa maal beekna? Oduun yaaliin qorichaa milkaa’uu dhabuu isaa himu marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaarratti bahee ture jennaan dhagahame. Ta’us, boodarra kaafame. Boodarra dhaabbatichi dogongoraan gadhiifame jedhee mirkaneesse. Akka ragaa gadhiifameen, qorattoonni dhukkubsattoota 237 qoratani. Namoota 158’f qoricha kennanii kanneen qoricha xiinsammuu isaanii cimsu fudhatan 79 wal bira qabani. Namoota 79 kanaaf qoricha fayyisu oso hin taane kan xiinsammuu isaanii cimsu, ‘placebo’ jedhamutu kennameef Ji’a tokko booda, dhukkubsattoonni 13.9% qorichicha fudhatanii du’an. Kanneen xiinsammuun isaanii akka cimuf kenname keessaa immoo 12.8%’tu du’e. Kanaaf, yaaliin qorichaa battaluma akka dhaabbatu ta’e. ‘‘Remdesivir’ nama fayyisuus ta’e vaayirasii qorachuu dandeessisu hin argamsiisne,’’ jedha xiinxalli ragaa kanaa. Kaampaanichi maal jedhe? Dhaabbanni ‘Gilead’ jedhamu ragaan marsariitii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa iratti gadhiifame hiika biraatu kennamef jechuun morma. Dubbii Himaan dhaabbatichaa akka jedhanitti yaaliin dafee akka dhaabbatu kan ta’ef kanneen irratti akka yaalamu fedhan lakkoofsi isaanii xiqqaa waan ta’efidha. Nama xiqqaarra yaalanii baasuun immoo ija sitatistiksiin sirrii miti jedhan. ‘’Sababa kanaaf, bu’aan qorannoo kanaa gahaa miti,’’ jechuun himan. Kuni garuu xumura qoricha kanaa miti. Yaaliin itti fufe taasifamuun itti fayyadama qoricha kanaa irratti waan ifa ta’e akka barru nu taasisa jedhan.
oduu-48584867
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48584867
Indiyaa: Namoonni jaha daa'ima gudeedan hidhaman, sadi umurii guutuu
Indiyaa, kutaa biyyaa Kashmiir keessatti namoonni sadi daa'ima waggaa saddeeti gudedanii, dararanii ajjeesan hidhaa umurii guutuun adabaman
Poolisoonni sadi ragaa dhoksuun yakkamtoota jedhaman ammoo hidhaa waggaa shaniin adabamaniiru. Daa'imni gosa warra musliimota horsiisanii bulanii taate kun Amajjii bara 2018 bosonaa magaalaa Katuwaa jedhamtu keessatti argamte. Dhiirota sababa ajjeefamuu daa'ima kanaatiin to'annaa jala oolfaman deeggaruun gareen warra Hinduu hiriira bahanii turan. Kun uummata oriisisee faallaa isaanii lammileen hedduun mormiif bahanii turan, kunis qalbii miidiyaalee hedduu hawwatee ture. Daa'imni ganna saddeetii kun jalqaba bara 2018 achi buuteen ishii dhabamee torbee sadi booda ture reeffi ishii bosona keessatti kan argame. Akka qorannoon mul'isutti daa'imni kun guyyootaaf erga gudeedamte booda, reebamtee ajjeefamte. Sababi ishiin xiyyeeffannaa keessa galteef ammoo gosa ishiin irraa dhufte Gujaars jedhaman shororkeessuufi. Indiyaa keessatti garaagartee daqiiqaa 15 gidduutti daa'imni tokko miidhaan saal-qunnamtii irra gaha jedha ragaan mootummaa kan bara 2016. Miidhaan saal-qunnamtii daa'imman irra gahu daran dabalaa akka jiruu himama. Daa'imman miidhaan saal-qunnamtii irra gahe hedduu qabaachuun biyyattiin addunyaarraa sadarkaa duraarra jirti. Haa ta'u malee namoonni dhimmicha ifatti dubbachuuf fedhii hin qabani. Gudeedamtee ajjeefamuun daa'ima kana hanga warri Hinduu warra ishee gudeedan deeggaranii hiriira bahaniitti xiyyeeffannaa hin arganne ture. Kanneen warra ishee gudeede deeggaranii hiriira bahan keessa aanga'oonni paartii biyya bulchaa jiruu 'Bharatiya Janata Party' (BJP) lama jiraachuun ammoo caalaatti dubbichaaf xiyyeeffannaa kennisiise. Warri Hinduu gosa warra shamarree kanaa waliin yeroo mara lafa irratti wal dhabu. Dhimmi daa'ima kanaa biyyattiin seera haaraa namoota daa'ima waggaa 12 gadii gudeedan du'an adabu akka tumtu sababa ta'eera.
oduu-49967366
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49967366
Naannoo Amaaraa godina Saba Oromootti lubbuun namaa darbe
Rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraa godina Saba Oromootti uumameen lubbuun namaa sadii darbuu bulchaan godinichaa obbo Ahimed Hasan BBCtti himan.
Suuraa namoota qawwee baachuun deemaa jiran , kanaan dura kan kaafamedha Guyyoota lamaan darbe rakkoo nageenyaatu ture kan jedhan obbo Ahimed, namoota ajjeefamaniin dabalata namootni madaa'anis jiru jedhan. Godina Saba Oromoo aanaaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Izgiyyee jedhamtu keessatti namni tokko humna addaa naannoo Amaaraan ajjeefameera jedhamuun uummatni bahee walitti bu'insichi uumamuudha BBCtti kan himan. Dhukaasni kan baname uummata hidhatee bahee fi humna addaa naannichaa gidduuttidha jedhan. Namni ajjeefame hidhatee deemaa ture kan jedhan obbo Ahimed maaliif akka ajjeefame qoratamaa jira jedhan. Uummatni ammoo maaliif ajjeesu jechuun akka bahee fi walitti bu'insichis kanumaaf akka uumame himan. Dhukaasa humna addaa fi uummata hidhatee dhukaasa bane gidduutti uumameen gama uummataan namootni sadii ajjeefamuun kan madaa'anis akka jiran himan. Dabalataan naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa, magaalaa Axaayyee fi naannoo ishee keessatti rakkoo wal fakkataa uumameen lubbuun namoota shanii darbuun namootni saddet madaa'uu Itti Gaafatamaan Bulchiinsaaf Nageenyaa godina Shawaa Kaabaa Obbbo Kaasahuun Imbiiyaalee himaniiru. Walitti bu'insi uumames haleellaa humna addaa irratti yaalame irraa kan ka'edha jechuun BBCtti himan. Bulchaan Saba Oromoo Obbo Ahimed Hasan rakkoon kun akka hin babal'anneef jaarsolii biyyaa, humna ittisaa fi gaggeesitootni waliin tahuun hojjechaa jirra jedhan. Kanaanis tasgabbiin uumamaa jira jedhan. Obbo Kaasahunis rakkoon uumame qoratamaa jira jedhanii amma garuu tasgabbiin uumamaa jira jedhan.
oduu-53568355
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53568355
Koronaavaayiras: Akkatti jireenyi biyya alaa lammiilee Gaanaatti fuula garagalfachaa jirtu
Nuti barreessitoonni, gaazexeessitoonni fi ministirri Gaanaa duraanii Eliizaabeet Oheenee biyya alaa jiraachuun yeroo koronaa kanatti akkatti geeddaramaa dhufe walitti fufinsaan xalayaa barreessineerra.
Takka takkaa qoosaa haa fakkaatuyyuu malee namni lammii Gaanaa tahe addunyaa mara irra faca'ee jira jedhama. Giriinlaand, Ayilaand, Paappuwaa Niiw Giinii. Odola fagoo Faaro'e jedhamturra nama jiraatu hin dhageenye, yoon dhagahe garuu na hin dinqu. Waggootan 20 darbaniif biyya keenyarraa kan imalaa turreef rakkoon akka baroota 1970 -1990 waan jiruuf otoo hin taane, bartee waan nutti tahee fi haala jireenya keenyaa akka sanaatti waan qarameefi. Namoonni galii gidduugalaa qaban haadha warraa isaanii ulfaa biyyaa alaatti akka deessu ergu, ijoollee isaaniimmoo liqeeffataniitu yuunivarsiitii Ameerikaa fi UKtti barsiifatu. Kaanimmoo biyyi kun kan dammaa fi aannaniiti jedhamnaan achi gahuuf wal-caccabsina. Lammiilee Gaanaa hordofaman Lammiileen Gaanaa hangam biyya alaa kana keessa akka jiraatan ragaan agarsiisu hin jiru, maal akka hojjetanis hin beekamu. Kaan hojii fi jireenya isaaniin biyya isaanii Gaanaa yoo bonsan, kaan immoo biyya deemanitti seera qabeessa tahuuf waan yaalaa jiraniif lammummaa isaaniillee himachuu hin fedhan. Dhokatanii jiraachuu barbaadu garuu akka jiran beekna. Hojii lamaa fi sadii dalaguun haadha isaaniif doolaara 100 ergu. Fira biyya alaatii qabaachuun kabajadha, warreen biyya alaa jiraachuuf seera qabeessummaa argatan immoo yeroo boqonnaa ayyaanaaaf maatii isaanitti deebi'u. Yeroo biyyatti deebi'anii ayyaanaaf qarshii facaasan akka isaan jireenya ulfaataa jiraatan namni beeku hin jiru. Dargaggoon kaan akka isaanii akkatti biyyaa miliqan barbaadu. Gaafa koronaan dhufe hoo? Dargaggoon dur biyyaa miliquuf harka sassaabbatee miila bargaanfatee qophaa'u akka durii Chaayinaa, Awurooppaa fi Eeshiyaa deemuun isa hawwachaa hin jiru. Inumaayyuu lammiillee Gaanaa biyyatti deebisuu taheera dubbiin, Gaanaan amma biyya hawwattuu taatee hin teenyee? Lammiileen Gaanaa biyya alaa jiran sodaachuurra darbanii, sodaa isaanii ifatti mul'isaa jiru. ''Waan Ameerikaa fi Awurooppaa keessatti tahaa jiru akka biyya keenyatti tahu hin eeyyamiinaa,'' jechaati jiru. Weerarrri kun hanguma jabaachaa adeeme, ''namni biyya alaa jiru carraa qabeessadha,'' yaadni jedhu geeddaramaa dhufe. Kun gatii lammiileen Gaanaa 33 Niiw Yoork keessatti Covid-19n du'aniif miti. Silumaa lammiileen Gaanaa biyya alaa jiran faara biyyatti deebi'uu waan agarsiisaniifi. Yeroo weerara kanaa waraqaa seera qabeessa tahe otoo hin argatiin hojii guyyuu hojjechuu dhabuurra darbee namoota dhukkubicha tamsaasaa jiran jedhamuun komatamuyyuu jalqaban. Warri mana namaa kireessan namoota viizaa sirrii qabaniif malee jechuun didan. Hojiin daldalaa garaagaraa cufamnaan baasiin namootaa hir'ise, kunimmoo lammiileen oomishtoota turan barbaachisummaan isaanii gadi bu'uu itti agarsiise. Jireenyi namoota biyya alaa jiranii yoo saaxilamu gadda akka qabu argine. Dubartoonni hojii mana keessaaf qacaramanii biyyoota Arabaa deeman jireenya gadadoo Gaanaa keessatti illee fudhatama hin qabne dabarsan argine. Biyya fooqii fi daandiin gurguddaa qaban keessattillee lammiileen keenyi Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti lafa gad-bu'aa tokko keessa buluuf hin mijanne keessa buluuf dirqamaati jiru. Koronaan hunda keenya wantoota akka itti ilaallu geeddaree jira. Namoonni biyyatti deebi'uu barbaadaniis daangaan jalaa cufamee jira. Lammiileen Gaanaa biyya jiran imaltoota Awurooppaa fi Chaayinaatu dhukkubicha nutti fidee jedhanii amanu. Namooti baayyee akka galanis hin fedhan. Gaanaa seenuun qaalii taheera, guyyoota 14f adda bahanii turuun barbaachisaa dha. Hoteelli keessa bulamu humnoota tikaan eegama. Biyya alaa jiraachuuf gojama'uun hafaa jira. Ammaaf biyyi keessa jiraachuu qananii taatee Gaanaadha.
oduu-52436395
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52436395
Wiirtuun qorannoo Covid-19 Adaamaa torbee lamatti dandeettii guyyaa tokkotti qoratuu gadi qorate
Wiirtuun qorannoo Covid-19 Adaamaa meeshaa amma hojjiirra jiruun qofa dandeettii saamuda 279 qorachuu qabaatus torbee lama keessatti saamuda 223 qofa qoratee bu'aa isaa dhiyeesse
Kunis hamma guyyaa tokkotti qorachuu danda'uu gadi jechuudha. Saamudni shakkamtootaa sadarkaa barbaadamutti dhihaachuu dhabuu fi wiirtuwwan qorannoo akka Asallaa fi Hararitti hojii jalqabuun lakkoofsa saamuda qoratuu akka gadi buuse itti gaafatamaan wiirtuu kanaa Obbo Dhaabaa Mul'ataa BBC'tti Himan. Wiirtuun kuni Oromiyaatti bakka qorannoo koronaavaayirasii kan jalqabaa waan tureef wirtuwwan qorannoo haaraa hunda'aniifis deeggarsa gochaa turuu himu. "Giddugalli keenya saamuda asitti qoratuun alatti laaboraatooriiwwan haaraa banaman kanneen akka Yunvarsiitii Arsii fi Yunvarsiitii Haramayaatiif saamuda walitti qabuudhaan isaaniif kennuun deeggaraa jirra. Fakkeenyaaf Saamuda 25 yunvarsiitii arsiitiif kenninee jirra" jedhan. Wiirtuun qorannoo Koronaavaayirasii Adaamaa sababa caaseffamni ittiin saamudni fudhatamee dhihaatuf sirritti hin diriirreef dandeettii isaatii gadii akka qoratu gochuus himan Obbo Dhaabaan. "Nuti meshaa qorannoos ta'e ogeessota gahaa qabna.rakkoon kan jiru akkaataa saamudni itti dhihaaturraayi. Fedhiin hawaasa keessa jiruu fi meeshaan saamudni ittiin fudhatamu kan gubbaarraa kennamaa jiru wal hin gitu" jedhan. Qajeelfamni qorannoo fi saamuda fudhachuu kan shakkamtoota dhibee kanaa fi namoota dhibichaan qabamaniin kanneen tuttuqaa qaban qofarratti waan fuullefatuuf baayinni namoota qorannoon gaggeefamuus gadi bu'uus himan. Laaboratooriin Adaamaa kuni meeshaa amma ittiin qorachaa jiru Kanaan alatti maashina dabalataa kan yeroo tokkoon bu'aa qorannoo saamuda 384 baasuu danda'us qaba. Wiirtuun kuni saamuda 223 bu'aasaa baase keessaa 5 positive akka ta'eefi kunis kan gabaasa ministeerri Eegumsa fayyaa baase keessatti hammatamanidha.
oduu-53749597
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53749597
Koronaavaayiras: Manneen hidhaa naannoo Oromiyaatti yaaddoon koronaavaayirasii dabalaa dhufe
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaatiin booda godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti lakkoofsi namoota sababoota adda addaatin too'atamanii dabalaa jira.
Kun ammoo weerara koronaavaayirasii biyyattii keessatti dabalaa dhufe waliin manneen hidhaas bakka dhukkubichi itti mul'achaa dhufe ta'uun yaaddoo uumeera. Magaala Buraayyuutti hidhamee dhiheenya bahu kan himu wellisaa Marsii Abboomaa, manni hidhaa bakka of eegannoon homtuu itti hin taasifamneefi saaxilamummaa guddaa qabudha jedha. " Bakka ani itti hidhamee ture waajjira Poolisii magaala Buraayyuutti waa'ee koronaavaayirasii homtuu of eegannoon hin godhamu. Ani gaafan hidhamu homaa qorannoo naaf hin taasifamne. Callisaniituma warra duraan jirutti dabalu. Halkan nama haaraa hanga 15 ta'u fidanii nutti dabalu," jedha. Kutaan keessatti hidhaman humna nama qabachuu danda'uu olitti waan guutuuf of eegannoo koronaavaayirasii wanti jedhamu tasa kan hin yaadamne ta'uus hima. "Bakki ciisichaa wal hanqatee yeroo walirra rafnufaatu ture. Waaqni lama nu adabu, takkaa adabamne jenneetuma waaqa kadhachaa turre malee haalli mana hidhaa baayyee saaxilamaadha," jechuun hima. Dhiheenya mana hidhaatii bahuufi nageenya isaatiif eenyummaa isaa ibsuu kan hin barbaanne namni BBC dubbise kan biraas, mana hidhaa keessatti maaskiifi saanitaayizerii fayyadamaa hin turre jedha. "Kutaan keessatti hidhaman baayyee dhiphoodha. Namni hidhamummoo heddu. Bakka akkasiitti of eegannoon homtuu hin jiru. Haalli mana hidhaa jiru sodaachisaadha jedha. Torbee darbe magaala Gidhiiritti namootni 66 mana hidhaa keessatti koronaavaayirasiidhaan qabamuun isaanii ni yaadatama. Magaalota akka Adaamaafi Botee, akkasumaas iddoowwan biraatti namoota mana hidhaa jiran irratti koronaavaayirasiin mul'achaa jiraachuun yaaddoo guddaa ta'aa dhufeera jedhan Hogganaa Itti-aanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa. " Manneen amala sirreessaa bakka namnoonni baayyeen itti argaman waan ta'eef tatamsa'ina dhibee kanaatiif haala mijataa uumaa jira. Amma bakka hedduutti namoonni qabaman mul'achaa jiru. Shawaa Bahaa qofatti namnoonni hanga 15 tahan mana hidhaatti dhukkubichaan qabamaniiru," jedhan. Taateen amma manneen hidhaa adda addaa keessatti mul'achaa jiru kun rakkoo hammaataa fiduu akka malu waan hubanneef qaama dhimmi ilaalu waliin furmaata itti barbaadaa jirras jedhan Obbo Darajjeen. "Namni haaraa seenu qoratamee akka seenu, kutaa tokkotti akka hin heedummaanne walirraa faffageessuu, akkasumas namni haaraa seenu yeroodhaaf qofaa akka turan qaama dhimmi ilaalu waliin mari'annee jirra," jedhan. Koronaavaayirasiin hawaasa keessatti bal'achaa waan dhufeef namni hawaasa keessaa qabamee mana hidhaa seenu carraa dhukkubicha fuudhee seenuu guddaa waan qabuuf haalli hanga ammaa jiru tatamsa'ina dhukkubichaatiif yaaddoo guddaa kan uume ta'uus eeran. Namoota mana hidhaa keessatti koronaavaayirasiidhaan qabaman eegumsaaf jecha bakka itti yaalaman addatti qopheessuunis qorumsa biraa ta'eera jedhu Obbo Darajjeen. BBC Africa Eye: hojjettoota hospitaala keessaa meeshaalee ofeggannoo gurguran