id
stringlengths
8
17
url
stringlengths
40
49
title
stringlengths
21
147
summary
stringlengths
21
777
text
stringlengths
264
23.2k
oduu-55465836
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55465836
Namoota maqaa guddaa Afrikaan bara 2020 keessa dhabde
Barri 2020 goolabamaa wayita jirutti gabaasa kanaan namoota Afrikaa beekamoo bara kana keessa darban yaadanna.
Dameewwan kubbaa miilaa, Saayinsii, Muuzikaa, bizinasa, oogummaa fayyaa, siyaasa, Aktivizimii fi aartiin namoota duutii isaanii Afrikaa keessatti yaadatamu duraa duubaan. Duuti isaa dhiibbaa guddaa kan uume: Haacaaluu Hundeessaa, 34 Ji'a jahan har'aa kan ajjeefame Art. Haacaaluu Hundeessaa, namoota bebbeekamoo ardii Afrikaa bara 2020 keessa duuti isaanii dhiibbaa guddaa uume keessaa tokko. Dheekkamsaa fi hokkora ajjeefamuu isaa hordofee dhalateen namootni 160 ta'an du'aniiru. Jawaar Mohaammad dabalatee hoogganoonni dhaabbilee mormituu hedduunis shororkeessummaafi kaaniin himatamanii hidhamaniiru. Mallattoo qabsoo waggoota dhufaatii MM Abiy Ahimad dura turanii kan ta'eefi mirga Oromoof weelluu, geerarsa fi hidhamuunis qabsaa'aa kan ture Art. Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuun isaa qalbii jaallattootaan yaadatama. Kubbaa Miilaa: Paappaa Bo'uubaa Diyoop, 42 Taphataan Kubbaa Miilaa biyya Senegaala Paappaa Diyoop yeroo dheeraaf dhukkubsachaa erga turee booda Sadaasa darbe umrii isaa ganna 42'tti aaddunyaa kanarraa boqoteera. Diyoop bara 2002'tti waancaa addunyaa biyyi isaa yeroo duraaf nuusa xumuraa geesse irrattii galchii Firaans irratti lakkofsisee ittiin injifataniin yaadatama. Ergasii biyyi Afrikaa nuusa xumuraa gahe hin jiru. Diyoop kilaboota akka Fuulhaam, Weestihaam, Barmiingihaam, Poortismaawuuziifi kilaba Firaans Leensiif taphateera. Saayinsii: Giitaa Raamjee, 63 Saayintistiin Afrikaa Kibbaa Ugaandaatti dhalattee Giitaa Raamjee rakkoo fayyaa dhibee Covid-19 waliin walqabateen lubbuun ishee darbe. Saayintistiin kun dubartoota saalqunnamtiin jireenya gaggeefatan irrattii HIV'n akka hin tamsaane ittisuurratti qorannoo gagageesiteen beekamti. Hojii isaheefis waggaa lama dura badhaasa Female Scientist Award dhaabbata Awrooppaa tokkorraa argatteetti. Muuziqaa: Maanuu Dibaangoo, 86 Namni Muuziqaa lammii Kaameruun Maanuu Dibaangoos baruma kana keessa dhibee Covid-19'n lubbuun isaa dabarte. Weeelluu bara 1972 baase 'Soul Makoss'a jedhamuun beekamtii guddaa horate. Bara 2009 ammoo Maayikil Jaaksan aalbama isaa Thriller jedhamu keessattii wallee isaa lama jalaa fudhachuu mana murtiitti himatee ture. Nama kanaan alattis Afrikaan bara 2020 keessa ogeeyyii Muuziqaa beekamoo hedduu du'aan dhabdeetti. Biizinasa: Riichaard Mapoonyaa, 99 Riichaard Mapoonyaan nama biizinasaa Afrikaa Kibbaa bara Apaartaayidii hojii gurgurtaa shaqaxaa xixxiqqoo dhiibbaa sirnichaa dandamachuun eegale ta'uun beekama. Soweetoo magaala gurraachotni itti heddummaatan keessatti nama jalqaba konkolaataa BMW gurguuruu eegaledha. Mooliilele qaba. Fayyaa: Hawaa Abdii, 73 Hakiimaa fi quuqamtuun mirgaa Hawaa Abdii kan bara Hagayya darbe du'aan boqotte 'Maazar Tereezaa Somaaliyaa' jedhamuun beekamti. Bara 2011'tti naannoo Shabeeleetti hidhattoota Alshabaabiin haleelamu falmaatteetti. Dubartootni hedduun mormii dhageessisuu isaaniin gareen kun naannicha gadhiisee baheera. Muraasa kaasanii yaadachuuf malee bara xumuramaa jiru kana keessa hakiimonni bebbeekamoon hedduun Afrikaa du'aniiru. Siyaasa: Daani'eel araap Mo'ii, 95 Siyaasa Keeniyaa keessatti waggoota 25 oliif ooliif dhiibbaa guddaa qabaachaa kan turan Pireesidantiin duranii biyyattii Daani'eel Araap Moo'i Guraandhala darbe addunyaa kanarraa boqotan. Bara 1978-2002'tti pireezidantii Keeniyaa turan. Pireezidantiin duraanii Gaanaa Jeeriy Raawliing , kan Masrii Hoosnii Mubaarak, kan Buruundii Piyeer Boyooyaafi kaaniis biroonis bara kana keessa du'aniiru. Duula farra Apaartaayidii: Zindizii Mandeellaa, 59 Inatallii Pireezidantii gurraacha jalqabaa Afrikaa Kibbaa Zindizii Mandeellaa kan Deenmaarkitti Ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa turte baruma kana keessa dhibee Covid-19'n duute. Zindiziin bara qabsoon farra Apaartaayidii akkaan finiineefi abbaan ishee Maandeellaan odola Ruubanitti hidhaman rakkoo hedduu keessa guddatte. Aartii: Nikitaa Peerl Waligiwaa, 15 Taatuun daa'immanni gannaa 15 Ugaandaa Nikitaa Peerl dhibee 'brain tumour' jedhamuun addunyaa kanarraa du'aan boqotte. Bara 2016 yaala jalqabaa argattus bara 2019'tti ammas rakkoon walfakkaatu ishee mudatee du'uu isheef sababa ta'eera. Gama Artiinis Afrikaan ogeeyyi salphaa hin jedhamne bara 2020 keessa dhabdeetti. Rogeettii: Liinaa Been Miheenii, 36 Rogeettifi falmituun mirga namaa lammii Tuuniziyaa rakkoo fayyaa qabduun(lupus) dararamaa erga turtee booda baruma kana keessa lubbuun ishee dabarte. Rogeettiin kun bara warraaqsi biyyoota Arabaa Tuniziyaattis dhohe dubartoota qabsoof kakaasuun beekamtii argatte
oduu-57281038
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57281038
Qabsoo Qeerrootii hanga waraana Tigraayitti: Marii koree hariiroo alaa Seeneetii US
Koreen Hariiroo Alaa Seeneetii Ameerikaa dhimma waraana naannoo Tigiraay, Hidha Haaromsaa, siyaasa Itoophiyaa keessaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa irratti ragaa qondaalotaa dhagahuun marii gaggeessaniiru.
Mariin isaanii kun mata-duree ''Hokkara Itoophiyaa keessaafi deebii imaammata alaa US'' kan jedhuun gaggeeffame. Ministeera Haajaa Alaa UStti, Bakka Bu'aan Hogganaa Yeroofii, Biiroo Dhimma Afrikaa, Rooberti F Godenik fi Gargaartuun Bulchiinsaa Deeggarsa Namoomaa Ameerikaa 'USAID' Saaraa Chaarles, koree Seeneetii dhimma alaaf gabaasa dhiyeessaniiru. Waltajjii kana irratti senaaterootniifi qondaalonni dhimma alaa biyyattii rakkoo siyaasaafi waraana naannoo Tigiraay hordofaa turan ragaa walitti qabaa turan bifa gabaasaan dhiyeessaniiru. Walitti qabaan korichaa Mr Menendez, Itoophiyaan biyya seenaa guddaa qabduufi michuu waggoota dheeraa Ameerikaa tahuu baninsa marichaa irratti dubbatan. Itoophiyaatti bulchiinsa abbaa irree waggoota dheeraan booda MM Abiy Ahimed, cehumsa dimokiraasii fida jedhamee abdatamee ture jedhan. Amma MM Abiy ''waadaa cehumsa dimokiraasii biyyattii nan fida jedhan cabsuun, dirree siyaasaa dhiphisuun, hooggantoota paartilee siyaasaa hidhuu itti fufeera'' jedhan. Kana malees, waraana naannoo Tigiraayiin wal qabatee ''Isa Daarfur kan fakkaatu ajjeechaa akka malee, yakka gudeeddii humna waraanaan raawwatuu fi kaampii baqattootaa haleeluu keessatti qaamni hirmaate gama hundaan itti gaafatamuu qaba jedhan. Senaater Menendez humni addaa naannoo Amaaraafi loltootni Eertiraa naannoo Tigiraay keessatti namoota nagaa hidhannoo hin qabne irratti yakka ajjeechaa raawwataniiru jechuun dubbatan. Mootummaan Itoophiyaa gama isaan waraana Tigraayitti kan gale dirqamee akka ta'eefi duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeessaa akka jiru ibsa. Ameerikaa dabalatee dhaabbileen idil-addunyaa waraana kanaan walqabasiisanii dhiibbaa mootummaa irraan gahaa jiranis dhimma keessoo biyya walabaa keessatti gidduu seentummaa fudhatama hin qabne dha jechuun irra deddeebiin balaaleffata. US, hooggantoota siyaasaafi waraanaa Itoophiyaafi Eertiraa yakkicha keessatti hirmaataniiru jette irratti dhorka viizaa dabarsuun, gama deeggarsa maallaqaanis kan namoomaan ala kaan akka dhaabdu ibsiteetti. Murtoon kun qondaalota mootummaa Itoophiyaa akka hin gammachiisnes dubbii isaanii irratti himaniiru. ''Waadaa Cehumsa Dimokiraasii Abiy Ahimed cabe...'' Waltajjii kana irratti Senaater Jeemsi Elrooy Riish, ''bara 2018 yeroo Abiy Ahimed aangootti dhufe biyyattii gara sirna dimokiraasiitti ceesisa jedhamee abdatamaa ture. Kana dhugoomsuun ni danda'ama ture. Garuu rakkoon addunyaa mudate weerarri Koroonaavaayirasii biyyichas miidhuun imalicha walxaxaa taasise,'' jedhan. MM Abiy yeroo aangoo qabatan dubbii isaan taasisaa turanii fi haaromsa isaan biyyattiitti fiduuf dubbataa turan uummata biyyattiif qofa osoo hin taane addunyaa irratti abdii kan hore ture jedhan. ''Amma yaaddoo waraana Tigiraay keessaa qofa osoo hin taane cehumsi dinagdee fi dimokiraasii akka uummatni biyyattii hundi barbaaduun miti.'' Sen. Menendez dabalataan waraana naannoo Tigiraayiin mootummaan ''seeran kabachiisa'' jechuun ibsuu, ajjeechaan jumlaa, deeggarsa namoomaa danquu fi sarbamni mirga namoomaa jiraachuu akkasumas lakkoofsi baqattootaa dabaluun rakkinicha hammeessuu himan. Ce'umsi abdatames akka ''fashalaa'aa'' jiru kan eeran senaaterichi rakkoo naannoo Tigiraayiin qofa osoo hin taane walitti bu'insa naannoo Benishaangul, Amaaraa fi Oromiyaa keessatti mudatuun lubbuun namootaa darbuunis yaaddoo biraa tahuu kaasan. Senaater Riish ammoo rakkoon biyyattii filannoo tokkoon qofa kan hiikamu miti. Isa irratti ammoo dirreen siyaasaa biyyattii keessatti abdatames dhiphateera jedhan. Senaater Kuunsi gama isaaniin ''ka'umsa Abiy jalqabaatti gammadnee ture. Mul'ata inni uummata addunyaafi uummatasaaf qabu kan nama kakaasu ture. Haa tahu malee amma kana dhugoomsaa hin jiru. Dargaggoonni Oromiyaatii finciluun aangootti isa baasan gariin mana hidhaa, kaan ammoo hidhattoota bosonaatti makamaa jiru,'' jedhan. Mr Kuunsi, Bulchiinsa Baayidaniin ergamaa addaa jedhamanii gara Itoophiyaatti imaluun MM Abiy waliin marii gaggeessanii ture. Ministera Dhimma Alaa Ameerikaatti, Bakka Bu'aan Barreessaa Biiroo Dhimma Afrikaa Roobert F Goodek, ''mul'anni Abiy jalqaba qabatee ka'e haala amma deemaa jiruun galma gahaa hin jiru'' jedhan. ''Dirreen siyaasaa dhiphachuu, miidiyaaleerra dhiibbaan gahuu, gaazexessitootni ajjeefamuu, hidhamuu fi ari'amuu ilaalchisee rakkootu jira.'' Roobert K Godek rakkoo siyaasaa Itoophiyaa mudate furuuf ''marii hunda hirmaachisetu gaggeeffamuu qaba'' jedhan. Ameerikaan filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa Waxabajji 21,2021 gaggeeffamu irratti taajjabdoota akka hin ergine himteetti. Kunis bakka hoggantootnii fi miseensotni siyaasaa hedduun hidhaa jiraniitti filannoo bilisaa fi haqa qabeessa gaggeessuuf biyyattiin toora irratti hin argamtu jechuun ergamaa addaa US, Gaanfa Afrikaatti ergamaniif erga senaateroonni xalayaa bareessaniiti. Dhimma Hidha Haaromsaafi nageenya Gaanfa Afrikaa Senaater Riish hokkarri Itoophiyaa keessaa biyyoota Gaanfa Afrikaaf yaaddoo guddaadha jedhan. Itoophiyaa irra darbuun hojii nageenya kabachiisuu Sudanifi Somaaliya keessaafis danqaadha taha jedhan. Dhimmi waraana Tigiraay keessaa akka biyyaatti egeree Itoophiyaaf qofa kan yaaddoo ta'u osoo hin taane, fedha nageenyaafi dinagdee Ameerikaan naannoo Gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Diimaa keessaa qabdu irrattis yaaddodha jedhan. ''Kaayyoon jalqabaa US Itoophiyaa gara nageenyaatti deebisuudha. Tarkaanfiin Ameerikaadhaan fudhatame waan tahaa jiru sirrii akka hin taane qondaalotaa Itoophiyaaf ergaa akka tahuuf,'' jedhan senaater Riish. Gaaffii senaateroota irraa yakki naannoo Tigiraayitti raawwatame ''yakka waraanaa yookaan yakka namomaa irratti raawwate jedhamuu danda'aa, jedhuuf Roobert F Goodek, qorataa akka jiraniifi mallattoon jiru ''yakki waraanaa'' raawwachuu akka hin hafne kan mul'isu tahuu himan. Yeroo murtaa'een booda murtoo irra akka gahan qondaalli hariiroo dhimma alaa tokko ibsaniiru. Kana malees, loltootni yakka naannoo Tigiraay keessatti hirmaatan ergama nageenya kabachiisuu biyyoota kaan keessatti miseensa tahuuf akka hin filamnes himaniiru. ''Loltootni akkasii yakkicha biyyicharra dabarsuun gara biyya biraatti akka fidan Ameerikaan hin eeyyamtu jedhan. Senater Menendez, Itoophiyan biyyoota akka Sudaanii fi Masirii waliinis dhimma Hidha Haaromsaa irratti walitti bu'insa keessa galuu dandeessi jechuun sodaa qaban kaasan. Senatirichi dhimma kana irratti Masirii waliin dubbachuu himuun ''isaan sarara diimaa'' jechuun kan qabatan jira jedhan. Kana irratti Roobert F Goodek, akka biyyootni sadeen waliigalaniifi gara walitti bu'insaatti akka hin deemneef cimsinee hojjechaa jirra jedhan. Rakko deeggarsa naannoo Tigiraay Gargaartuun Bulchiinsa Deeggarsa Namoomaa Ameerikaa 'USAID' Saaraa Chaarles yeroo gabaasashee dhiyeessitu haala naannoo Tigiraayiin yaaddoo guddaa akka qabdu himte. Ameerikaan uummata deeggarsa ariifachiisaa naannoo Tigiraayii barbaaduuf dhiyeessaa turuu himan. Lolliifi rakkoon nageenyaa naannicha jiru ammayyuu bakkeewwan deeggarsa akka barbaadan osoo beeknuu dhaqqabuu dadhabne keessatti hanqina nyaata madaalamaafi hongeen akka uumamuuf dhiibbaa taheera jette. Namootni miliyoona tokko tahan deeggarsa lubbuu oolchuu barbaadan ammayyuu akka hin dhaqqabamne himteetti. Ji'oota sadii darbaniif Ameerikaan karaa michoota dhaabbilee deeggarsa kennanii nyaata meetirik toonii 400,000 tahu kan uummata miliyoona afur sooruu danda'u dhiyeessuu himte Saaraa Chaarles. Waraanni naannichaa ijoollee irratti dhiibbaa uumuu himuun, erga Guraandhalaa as michootni isaanii karaa dhaabbilee fayyaa ijoollee hambaa nyaachuun miidhaman 3,400 tahan yaala akka argatan godheera jette. Ji'a Eblaa as ammoo Dhaabbanni Wabii Nyaata Addunyaa [WFP] karaa michoota isaa ijoollee, dubartoota ulfaafi harma hoosisan deeggarsa nyaata ariifachiisaa barbaadan 51,000 tahan dhaqqabuu himte. USAID ijoollee wagga shanii olii balaa hanqina nyaata madaalamaaf saaxilamaa jiran 27,000 tahaniif guyya guyyaatti nyaata aannisa kennuu danda'u dhiyeessuu himteetti. Erga naannoo Tigiraayitti waraanni jalqabameen as namootni 63,000 tahan gara biyya ollaa Sudaanitti kan baqatan yoo tahu, miliyoona lamaa ol ammoo biyyuma keessatti qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru. Rakkoo guddaan ammoo deeggarsi akka hin dhiyaanne hulaan cufamuu akka tahe dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa himaa turan.
oduu-53438454
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53438454
Oolmaa dhaddacha Obbo Baqqalaa, Jawaar fi kaan irratti maaltu ka'e?
Obbo Jawaara Mohaammad har’a waaree booda Mana Murtii Federaalaa sadarkaa jalqabaa dame Lidataatti dhiyaatanii Poolisinii ragaa argate ibsuun raga dabalataa funaanuuf guyyaa dabalataa manni murtii akka hayyamuuf gaafateera jedhan Abukaatoo isaanii keessaa tokko kan ta’an Obbo Tuulii Baayyisaa.
Poolisiin guyyoota darban himata Obbo Jawaar irratti bane jalatti meeshaalee waraanaa eegdoonni isaa qabatanii turan, meeshaalee qunnamtiifi sanadoota mana jireenyaafi waajira isaanii keessa argachuu ibsuun ragaalee kanarratti qorannoo dabalataan akka gaggeessu ibsee jedhan Obbo Tuuliin. Ragaa afaaniin dhiyeesseen qorannoo Foorensiiki Poolisii waajira Dhaabaa Badhaadhinaa biratti ajjeefamerratti gaggeefameen Poolisichi rasaasa eegdota Obbo Jawaar irraa dhukaafameen ajjeefamuu mirkaneeffanne jedhu poolisiin dhiyeeffachuus himan. Meeshaaleen waraanaa eegdota Obbo Jawaar bira turan Kilaashii 10, Kiiltii tokkofi shugguxiiwwan argadheen jira jechuun himuus Obbo Tuuliin BBC’tti himaniiru. Meeshaan eegdotni Jawaar qabatanii turan kun hayyama qabaachuufi dhiisuun isaa ammalle hin qulqulloofne jedha poolisiin jedhan Obbo Tuuliin. Poolisiin Obbo Jawaar irratti ragaalee kana qulqulleefachuuf guyyaa dabalataa 14 gaafatee Manni Murtiis guyyaa 13 hayyamuun Adoolessa 29/2020 beellama qabeeraaf jedhan. Obbo Jawaar Mohaammad himannaa afur jechuunis ajjechaa Poolisii Oromiyaa, reeffa humnaan ugguuruu, aanga’oota olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaarratti ajjeechaa yaaluufi saboota gidduutti walitti bu’iinsa uumuu kan jedhaniidha. Obbo Jawaar dhaddacha kanarratti maal dubbatan? Obbo Jawaar irratti Poolisiin himata afur kan himate yoo ta’u, Obbo Jawaar himata kanarraa qulquulluu ta’uu isaanii ibsaniiru jedhan Obbo Tuuliin. ''Ani nama siyaasaa malee yakka kana dalaguuf yaada kan hin qabneedha, ta’e jedhamee siyaasa keessatti akkan hin hirmaanneef shira xaxame,’’ jechuun ofirraa ittiseeraas jedhan. Mootummaan isa siyaasa keessaa baasuuf kan duras lammummaa biyya Itoophiyaa isaa deebifachuurratti rakkoo itti uumaa akka ture dubbachuu isaanis himaniiru. ‘‘Gamoo jalatti hidhamuu, maatii wajjiin fageenya meetira 40-50 waliirraa fagaachuun walarguufi adda baasuuf rakkachuu, akkasumas abukaatoo waliin bakka qorataan argamutti haasa’uufi sanuu guyyaa tokko qofa hayyamamuu mana murtiitti himataniiru,’’ jedhan. Qorattootni wanti Obbo Jawaar kaasan dhugaa miti jechuun mormaniis, Manni Murtii kun akka foyyaa’u ajeeejaraa jedhan. ‘‘Keessumaa mana ifa gahaa hin qabne keessa nutti cufamee oolaa sa’aa 24 keessatti si’a lama qofa mana fincaanii deemnaa ganama sa’aa 12 fi galgala sa’aa 12 jechuun komii qaban kaasaniiru. Manni Murtiis mirgi namoomaa isaanii kabajamee wanni isaan komatan kun fooyya’ee beellama itti aanurratti gabaasa akka dhiyeessan ajajeera,’’ jedhan. Dhaddachuma kanarratti eegdota Obbo Jawaar dabalatee Obbo Hamzaa Booranaa waliin namooti sagal Galmee Obbo Jawaar jalatti diyaatanii, himata walfakkaataa, komii walfakkaataa, ajajni Manni Murtii akka fooyya’u jedhee kennes walfakkaataa nuun jedhan Obbo Tuuliin. Dargaggo Shamsaddiin Xahaa bor Mana Murtiitti akka dhiyaatus himaniiru. Oolmaa dhaddachaa Obbo Baqqalaa Garbaa? Abukaattota Obbo Baqqalaa Garbaa fa’a keessaa tokko kan ta’an Dr. Tokkummaan ganama har’aa Mana Murtii Federaalaa sadarkaa tokkooffa kan Araadaatti argamutti dhiyaatanii akka turaniifi ganama dhaddacha Obbo Dajanee Xaafaa fa’i, waaree booda ammoo kan Obbo Baqqalaa Garbaa, Arafaat Abuubakar, Addisuu Burqaafa’irratti argamuu BBC’tti himaniiru. Obbo Baqqalaan Wiixata darbe Mana Murtiitti dhiyaatanii kan turan yoo ta’u, har’atti kan beellamni qabameef adeemsa qorannoo poolisii ilaaluuf, akkasumas qabiinsa mirgaa isaanii ilaaluun yeroo qorannoo dabalataa kennuuf akka ta’e Dr. Tokkummaan himaniiru. Obbo Baqqalaaniis akkuma Obbo Jawaar Mohaammad ifa gahaa argachaa akka hin jirre, akkasumas maatii isaanii fageenya meetira 30-50 irraa dubbisuuf dirqamuu isaanii komatanii ture jedhan Abukaatoon isanii kun. Obbo Baqqalaan itti dabaluun wayita bokkaa isaniis maatiin isaan dubbisuus bokkaa keessa dhaabatanii wal dubbisaa akka jiran komataniiru nuun jedhan. Poolisiin kana haaluus, Manni Murtii garuu bitaaf mirga erga ilaalee booda haalli qabiinsa, bakki itti hidhaman akka fooyya’uufi komiiwwan kun fooyya’anii akka gabaasni dhiyaatuuf, akkasumas qaamaan dhaqaniillee ilaaluu akka danda’an ibsuu Dr. Tokkummaan himan. Gama kaanii Obbo Hamzaa Booranaarratti ragaa Poolisiin dhiyeesseen Shugguxii hayyama hin qabne lama argadheera jechuu himaniiru. ‘‘Obbo Hamzaan mana isaatii shugguxiin argame tokko malee lama akka hin taane, inniis waajira Abbaa Alangaarraa hayyama kan qabuufi hayyama kana poolisiin gaafa mana isaa sakatta’u mallatteessee fudhachuufi koppiin isaas maatii isaa harka akka jiru,’’ Mana Murtiitti himeeraas jedhan. Ragaan kun dogoggoraan Poolisiin dhiyaachuu isaatti hedduu gaddee ibsuu isaan abukaatoon isaanii kun himaniiru. Eegdotni Obbo Jawaaris meeshaan waraanaa harkaa qaban kan hayyama qabu akka ta’ee ibsuu isaanii Poolisiin garuu hayyama qabachuufi dhiisuu qorachaan jira jechuu Dr. Tokkummaan himaniiru. Lammii Ameerikaa kan ta'e Obbo Mishaa Adamiifi Obbo Dajanee Xaafaa Gama kaaniin Obbo Dajanee Xafaa mana isaanii Ashawaa Meedaatti argamurraa erga to’annoo jala oolanii, manni isaanii sakatta’ameefi jecha isaaniin Poolisiif kennaiin guyyaa 12 booda Mana Murtiitti dhiyaachuu himaniiru nuun jedhan Dr. Tookkummaan Lammiin biyya Ameerikaa mana jireenyaa Obbo Jawaar Mohaammadii qabaman Obbo Miishaa Adam galmee Obbo Dajanee jala kan jiran yoo ta'an, har'a Mana Murtiitti yoo dhiyaatan Imbaasii isaanii argachuu akka hin dandeenye himataniiru. Ijoolleen Obbo Baqqalaa Garbaa bilisaan gadhiifaman Boontuu Baqqalaa, Saamu'eel Baqqalaafi Kiyyaa Baalchaa guyyoota 16 booda har'a hidhaa gadhiifamuu mirkaneessaniiru.
oduu-55100224
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55100224
Lola Tigraay Itoophiyaa: Ministirri Muummee Abiy Ahimad eenyudha?
''Akka kiyyatti Itoophiyaa waraana miti kan barbaachisuuni. Namoota tarkaanfii waraanaa deeggaran keessatti hammatamuu hin fedhu. Tigraayitti rasaasa osoo hin taane, maaskii fuulaa koroonaavaayirasiif ta’u erguu naaf wayya.''
Kuni haasaa MM Abiy Fulbaana keessa erga naannoon Tigraayi mootummaa federaalaa diduun filannoo geggeessuuf murteessaniin booda dubbatanidha. Filannoon biyyaalessaa sababa koroonaavaayirasiif jecha achi hiiqeera. Yeroo sanatti, mootummaan isaanii naannoo Kaaba biyyattiitti argamu waliin waraana keessa seenuu hin fedhu jedhanii turani. Ammarra MM kun anga’oota TPLF irratti lola taasifamu dursaa jiru. Lolli torbanoota sadii seene kun, hanga yoonaatti lubbuu namoota dhibbaan lakkaa’amanii galaafateera jedhama. Akka dhaabbileen deeggarsa taasisan jedhanitti, kuma hedduun qe’eerraa yoo buqqa’an, kuma 40 kan caalan ammoo gara biyya ollaa, Sudaanitti baqatanii jiru. MM Abiy mormii ummanni Oromoo taasiseen booda, Bitootessa 2018 gara angootti dhufani. Biyyattiin yeroo sanatti wal-waraansa waliiniitti ce’uuf xiqqootu hafe jedhamee ture. Jijjiiramoota hedduus fidani, gariin isaaniis waggoota muraasaan dura kan hin yaadamne turani. Waggoota hedduufis, mootummaan Itoophiyaa mirga of-ibsuu ukkaamsuu, mormitoota hidhuufi hiriirota mormii humnaan bittinsuu irratti qeeqa dhaabbilee mirga namoomaa irraa itti dhiyaateef gurra hin kennu jedhamaa ture. Sababa daangaatiin wal-dhabdee Eertiraa waliin qaban furuufis murtee komishiniin daangaa dabarse fudhachuufis rincicaa ture. Suni hundi garuu Abiyyiin jijjiirame. Murtee dabarfame fudhatanii Eertiraa waliin nagaa buusan. Murtee seena qabeessa kanatu Badhaasa Noobeelii argamsiiseefi. ‘Diinota’ hooggantoota isa dura turanitti harka diriirsuuf kutatanii waan ka’an fakkaatu ture. MM Abiy erga aangootti bahanii waggaa tokko booda lubbuun abbaa isaanii darbe. Abbaan isaanii af-gaaffii BBC waliin Adoolessa 2018 keessa taasisaniin, ‘‘daa’ima hunda waliin michuu ta’e’’ jechuun ilma isaanii ibsanii turan. Abiy Ahimad eenyu? Seen-duubeen Abiy Ahimad akkaataa namoonni isaaniin itti ilaalaniif murteessaadha. Biyyattiitti MM Oromoorraa dhufe isa duraati. Aangoo akka bahanif mormiin ummataa waggoota sadii ta’uuf taasifameefi walitti bu’iinsa qaamolee nageenyaa waliin uumameen lubbuu namoota kumaatamaa galaafateef utubaa ture. Ummanni kunis sababni mormiif daandiitti ba’eef, osoo lakkoofsaan guddaa taanee jirruu siyaasa, dinagdee fi aadaan hacuucamneerra jechuuni. Hiriira deeggarsaa MM Abiyyiif Finfinneetti bara 2018 taasifameerratti namoonni lama yoo du'an 100 ol mada'aniiru Abiy angootti gaafa dhufu, sun hunduu jijjiiramuu eegale. MM Abiy paartilee ADWUI hundeessan keessaa tokko kan ta’e DhDUO dura ta’aa ta’uun hooggananiiru. Mudde 2019 keessa Abiy ADWUI dirree siyaasaa Itoophiyaa waggoota 30’tti dhiyaataniif to’atee ture diiguun paartii 'Badhaadhina’ ijaarani. TPLF garuu keessa seenuu hin feene. Namni ganna 44 Godina Jimmaa magaalaa Bashaashaa jedhamtutti maatii amantaa Kiristaanaafi Islaamaa qabanirraa dhalatan kun, 1980 keessa DhDUO’tti makamani. Biyya mootummaan intarneeta irratti to’annoo cimaa itti taasisu keessatti Ejansii Nageenyaafi Netwoorkii Odeeffannoo (INSA) osoo hin hundeessin duras loltummaan gulantaawwan gurguddoorra darbuun Leetanaa Koleeneelummaarra ga’anii turani. Sana boodas Ministira Saayinsiif Teeknooloojii ta’ani. Yeroo kanatti dhaabbata telekoomii mootummaan to’atu gariin dhuunfaatti dabarsuuf waadaa seenanii jiru. Waa’ee Abiy Ahimad wantoota ijoo Kibba Baha Itoophiyaa Bashaashaatti, Hagayya 15, 1976 Abbaa Oromoo Musliimaafi haadha Amaaraa Kiristaana ta’anirraa dhalatani. Dargaggoo xiqqoo osoo jiraniis 1990 keessa falmii Dargii kuffisuuf taasifame keessa seenani. Dhimma nageenyaafi Tasgabbiin Yunivarsiitii Finfinneerraa Digirii sadaffaa kan argatan yoo ta’u, Yunivarsiitii Giriinwiich Landanirraammoo hooggansaan diigrii maastarsii argataniiru. Afaan oromoo, Amaariffa, fi Tigrinyaa sirriitti dubbatu, Ingiliffa dabalatee. Badhaasa Noobeelii Nagaa Waliigalteen Abiy Eertiraa waliin taasisan wal-dhabdee waraana daangaarraa 1998 mudateen booda ganna 20’f tureef xumura tolcheera. Badhaasa Noobeelii Nagaa 100ffaa injifachuun Ooslootti sagantaa geggeeffameen Mudde 2019 badhaasicha fudhatan. Haasawa sirnicharratti taasisaniin akkas jedhani: "Waraana fiduuf namoota muraasatu barbaachisa. Nagaa fiduuf garuu ganda yookaan biyyatu barbaachisa. ''Anaaf nagaa fiduun akkuma mukkeen dhaabanii kununsuuti. Akkuma mukkeen guddachuuf bishaaniif biyyee gaarii barbaadanitti, nagaanis kutannoo asiif achi hin jenne, obsa dhuma hin qabneefi fedha gaarii bu’aa irraa qooddatan barbaada. " Erga badhaasicha fudhataniin boodas namoonni muraasni ‘‘buqqa’uufi du’aatii lammiilee Itoophiyaa hedduu’’ maqaa dha’uun badhaasicha harkaa akka fuudhamuuf mallattoodhaan duulani. Koreen Badhaasa Noobeeliis ibsa baasuuf dirqame, ibsa kanaanis ‘‘korichi Kabajamoo MM Abiy Ahimadiif Badhaasa Noobeelii Nagaa kennuuf murtee dabarse hin jijjiirru,’’ jedhe. Amma yoonaattis murteen kun akkuma ragga’etti argama. Inumaayyuu koreen Nobeelii akkas jedhee ture ‘‘Dhugaa himuuf koreen Badhaasa Noobeelii erga si’a tokko Badhaasa Nagaa kennee booda haquuf hayyama hin qabu.’’ Ida’amuu - 'Maddamar' Jechi ida’amuu jedhu Abiy angootti erga ba’anii afaan namootaa keessa tureera. Jechi kun akka ilaalcha Abiyyitti rakkoolee biyyattii mudataniif furmaata fiduuf walitti dhufuu hiika jedhu qaba. Erga kitaabni Ida’amuu Afaanota Amaaraafi Oromootiin maxxanee magaalota gurguddoo biyyattii keessatti eebbifamee kooppiin kumaatamni dhibba hedduun gurguramee booda ammoo, jechi kun daran beekame. Kitaabichi ilaalcha isaanii boqonnaawwan 16’tti hiree fuula 280'n qophaa'e. MM Abiy biyya sabummaan qoqqoodamtee sirreessuun tookkummaan akka dhaabattuufi heeddumminni akka kabajamu barbaadu. Akka ilaalcha isaaniitti yaadni garagaraa inumaayyuu kan wal-faallessu gara tokkotti fiduun waliigaluun ni danda'ama. Dabalataanis, wantoota baraman diduurratti fuulleffata. Mul’ata siyaasaa isaaniis wal-ga’ii Onkololeessa 2017 Naannoo Kibbaatti taasifame irratti ifa godhani. Osoo aangootti hin bahin dura MM Abiy Ahimad maqaa dhoksaan kitaaba barreessanii turan "Filannoo tokko callaa qabna, innis tokkoomuudha. Wal gargaaruufi wal deeggaruu qofa osoo hin taane waliin jiraachuuf tokkoomuu. Filannoo inni kaan wal-ajjeesuudha,’’ jechuun dubbatani, Abiy. "Garuu namni aqlii qabu kamuu kana hin filatu. Kanaafuu filannoon keenya wal-amanuun madaa walii fayyifnee biyya keenya guddisuuf waliin hojjachuudha." Lola Tigraay Lolli kan eegale Sadaasa 4, 2020 erga MM Abiy humnoota Tigraayitti argaman irratti haleellaa waraanaa ajajaniin boodadha. Ajaja kana kan dabarsanis haleellaa kaampii waraanaa mootummaa federaalaa Tigraaytti argamu irratti raawwatameef deebii kennuuf akka ta’e ibsuuni. "Mootummaan federaalaa waraanatti seenuuf dirqameera," jedhani MM Abiy. Wal-dhabdeen kun kan uumames ji’oota muraasaaf anga’oonni TPLF fi Abiy wal gaarreffachaa erga turanii boodadha. Waldhibdee aangoo, filannoofi tarkaafiiwwan jijjirama siyaasaa fudhataman, dhimmoota ijoo gara rakkoo mudate kanaatti isaan fidedha. TPLF waggoota 30’tti dhiyaataniif angoo to’atee ture. Abiy angootti yoo dhufanis isaaniin akka dhiibe himatu. Abiy jijjiirama itti fufanis warri Tigraayi yoo didan, rakkoon siyaasaa mudachuu eegale. Anga’oonni Tigraayi jijjiirama ariifataa Abiy fidan angoo dhuunfachuufi sirna federaalaa biyyattii diiguuf akka dhufetti ilaalu. Dhiibbaa biyyoota naannoo irratti qabu Ganna lamaaf walakkaa darbanitti Abiy dhimmoota ijoo naannawaa (Afriikaa bahaa) irratti jaarsummaan gumaata guddaa taasisaniiru. Sudaanitti mormii guddaa taasifameen booda humnoota waraanaafi mormitoota mareef walitti fiduufi araarsuu keessatti gahee guddaa taphatani. Mareen taasifame mootummaan ce’umsaa angoo qooddatu akka hundaa’uuf sababa ta’e. Walitti dhufeenyi Eertiraafi Jibuutii waggoota hedduuf boora’ee ture akka qabbanaa’uufis shoora taphataniiru. Abiy, Keeniyaafi Somaaliyaanis daangaa bishaaniirratti yoo wal-dhaban araarsuuf carraaqaniiru. Sudaan Kibbaattis maree nagaa Saalvaa Kiir fi Riik Maachaar gidduutti taasifamaa ture irratti gadi fageenyaan hirmaataniiru. Abiy oopireeshinii amma gaggeeffamaa jiru ‘seera kabachiisuufi’ jedhu. Yaalii humnoonni alaa jaarsummaaf taa’uuf taasisanis lakki jedhaniiru. Torbee kanattis ‘marsaa dhumaa’ ooppereeshinichaa Maqaleetti akka geggeessan ibsani. Bu’aan waraanaa angawoota Tigraayi isaan ‘saamtota’ jedhanii waaman waliin taasifamu kun fuulduratti rakkoolee Itoophiyaa wal-xaxoo ta’an akkaataa itti hiikuuf yaalan jijjiiruu danda’a. Jijjiiramaafi mul’ata isaanii itti fufumoo tooftaa jijjiirratu laata?
oduu-52045275
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52045275
Guyyaa tokkotti Ameerikaatti namoonni 10,000 caalaa Covid-19'n qabamani
Lakkoofsi namoota dhukkuba koronaavaayirasiin Ameerikaa keessatti qabamanii 10,000'n caale.
Dhaabbanni Ameerikaa to'annoo dhibee irratti dalaguun beekamu, CDC, kaleessa yeroo ibse namoonni 54,000 ol dhukkuba kanaan qabamanii turani. Ganama kana gabaasni kallattii yunivarsiitii Joon Hopkiins agarsiisutti garuu 69,000 ol gaheera. Akka dhaabbanni kuni jedhutti, duunillee dabaleera. Yeroo ammaa 1,050 kan ta'an lubbuu isaanii dhabaniiru. Lakkoofsa waliigalaa dhukkubsattoota koronaavaayirasii Ameerikaatti qabaman keessaa hedduu bulchiinsa magaalaa Niiw Yoork keessatti argamu. Yeroo ammaa guutuu addunyaatti namoonni 471,000 dhukkuba kanaan kan qabaman yoo ta'u 21,293 kan ta'an immoo lubbuu isaanii dhabaniiru. Biyyi dhukkuba kanaan hubamte Chaayinaa taatus Xaaliyaaniifi Ispeen garuu lakkoofsa namoota du'aniin dursaa jiru. lakkoofsa namoota dhukkuba yeroo gabaabaatti addunyaatti tamsa'e kanaan qabamaniifi luubbuu dhabanii asii argattu.
oduu-48386850
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48386850
Komediyaaniin US lammummaa Ertiraa argatte
Komediyaaniiniifi taatoon fiilmii US Tiffaanii Hadish lammummaa Ertiraa argatte.
Tiffaanii Haddush Lammummaan abbaan Komediyaanii kanaa garuu Ertiraadha. Tiffaaniin yeroo ammaa kana guyyaa bilisummaa Ertiraa kan waggaa 28ffaa kabajuudhaaf biyyattii deemtee jirti. Ministirri Odeeffannoo mootummaa akka fuula Tiwiitera isaaniirratti suura ishee baasanii akka agarsiisanitti kabaja guyyaa bilisummaa kana uummata waliin Roobii daandiitti baatee kabajaa oolteetti. Tifaaniin bara darbe sirna awwaalcha abbaashee Obbo Sihaayyee Reddaa Haddishirratti argamuuf Ertiraa dhuftee ture. Yeroodhuma kana ammoo firootashee waliin walbarteetti. Yeroo daawwannaa ishee kana Pirezedaant Isaayyaas Afe-worqii waliinis walargitee turte. Dippilomaatiin Ertiraa Waashingiteen jiru fuula Tiwiitera isaarratti akka mirkaneessetti Tifaaniin "guyyaa bilisummaa miira addaa qabu kana yeroo kabajaa jiramutti" lammummaa Ertiraa argatteetti. Tifaaniin bara 1979 Loos Anjalas keessatti kan dhalatte yommuu ta'u , tapha televijiinii Loving You is Wrong jedhamu walitti fufinsaan darbuufi fiilmiii komeediin Girls Trip jedhamu keessatti hedduu beekamti. Yeroo ammaa kanasa agarsiisa komeedii televijiiniidhaan walitti fufinsaan darbu The Last O.G keessatti qooda fudhataa jirti. Ertiraan biyyaa paartii tokko qofaan bultu yommuu ta'u erga bara 1993 bilisoomtee booda Pirezedaanti Isaayyaastu bulchaa jira. Ertiraanonni sababii imaammata haccuuccaa isaatiif biyyaa ba'an yaaddoo qabamuu dandeenya jedhuun biyyatti deebiyuu hin danda'an.
oduu-50205623
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50205623
'Suura oofee akkan daa'ima hatame ta'uu ifa taasise'
Baatii Ebla bara 1997 ture dubartiin uffata narsii uffattee tokko daa'ima dhalattee guyyaa sadii tokko kutaa hospitaalaa Keeppi Taawoon keessa wayita haati deesse rafaa jirtu kan fudhattee baate.
Akka carraa ta'ee garuu waggoota 17 booda mucaan hatamte sun kan eenyummaashee isa dhugaa barte. Guyyaansaa guyyaa jalqabaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Magaalaa Keeppi taawooniifi Miché Solamoniif ammoo waggaa dhumaa ture. ' Waggaadhuma sana baatii Amajjii 2005 keessa Michen waggaa 17 barattoota biraatiin marfamaa waa'ee barattuu biraa Cassidy Nurse kan waggaa sadiin ishee gadiifi gara malee ishee fakkaattuu itti himuu eegalan. Micheen garuu jalqabarratti baayyee waa'ee dhimma kanaa hin yaadne turte. Garuu booda wayita shammarran lamaan wal arganiitti miira kana dura itti dhagahamee hin beekne akka itti dhagahame dubbatti Micheen. ''Akkuman waan kana dura ishee beekuutti natti dhagahame,'' jetti. ''Maaliif mirri akkasii akka natti dhagahameelleen hubachuu hin dandeenye ture.'' Garaa garummaa umuriitiin alattis Micheefi Casiidy yeroosaanii baayyee waliin dabarsii eegalan. ''Anis mucaa xiqqoo attam jirataan jedhaan. Isheenis obboleettii angafaa attam naan jetti turte!'' Micheen. ''Yeroo tokko tokkos ishee waliin mana dhiqannaa galla ture. 'Mee riifeensa keen siif sirreessa, anuu si babareecha naan jetti.'' Miché Solamon harra Yoo namoonni isiin obbolaadhaa jedhanii gaafataniin 'lakkii hin beeknu, tarii addunyaa gara biraatti' jechuun qoosaa turan. Achuun guyyaa tokko dubartoonni lamaan waliin ofee ka'uun hirriyyota isaaniitti agarsiisan. Namoonni muraasni Micheen yoo guddafamtee ta'e gaafataniin. Isheenis Lakkii! Lakkii hin maraatiina! jechuun deebiisaafi jirtu. Micheefi Cassidy ammoo suuraasaanii fuudhanii galuun maatiisaanitti agarsiisu eegalan. Lavona haati Michee kan intala isheetiin ''Giiftii'' jechuun waamtus gara lafa filmii itti doowwataniitti geessuun akka dubartoonni lamaan wal fakkaatan itti himte. Mikaa'e abbaan Miche ammoo akka hirriyaa intalasaanii beeke dubbate. Kunis abbaan Cassidy suuqii meshaa elekitoniksii waan qabaniif yeroo ta'e achii bitusaa hime. Garuu maatiin Cassidy Silesteefi Mornee Nurse suuraa intalasheefi hirriyaashee yeroo dheeraaf irratti ija baasuun turte. Achinis Michee gaafii gaafatan akka qaban Cassidy'tti himan. Wayita wal arganittis isheenis ''Ebla 30, 1997'tti dhalattee? jechuun gaafatte. "Anis akkasiin jedheen, 'Maaliif? Maal feesbuukii irratti na adamsuu barbaaddee?'' jetteen Micheen. Hiriyaan ishees beekumaaf akka barbaaddee Micheetti himte. Achinis Micheen eeyyeen Ebla 30, 1997 dhaladhee jetteen. Torban darbe, Michee osoo hin eegamiin waajira daarektara mana barnootaatiin kutaa eerreegaa irraa waamamte. Isaan boodas waa'ee mucaa umurii guyyaa sadii Zephaany Nurse jedhamtuufi Hospitaala Groote Schuur kan Keeppi Taawon keessaa waggaa 17 dura hatamuun gonkumaa hin argaminii itti himan. Micheen seenicha dhaggeeffatee garuu maaliif akka itti himame hin hubannee ture. Hojjataan hawaasaas intalli sun Michee ta'uu akka dandeessuu ragaan jiraachusaa eere. Dubbicha gabaabsuuf jecha Micheen hospitaala Groote Schuur keessatti akka hin dhalatiin, kan dhallatte hospitaala Retreat jedhamu keessatti ta'uu dubbatte. Kana turees akkan waraqaa ragaa dhalootaashee irra ture jette. Garuu hojjataan hawaasummaa achiitti dhallachuusheetiif ragaan akka hin jrree hime. Lavona Solamon suuraa manatti Miche reeffu dhalattee waliin kaateedha Micheen wanti ta'aa jiru dogongora ta'uu yaada garuu qorannoo DNA'tiif tole jette. "Haadha na guddifterratti amantaa cimaan qaba. Gonkumaa akka na hin sobne nan amana. Keessattuu eenyuu akkan ta'eefi eessa akkan dhufeerratti,'' jetti Micheen. Kanaafuu, qorannoon DNA faallaa akka ta'u amataan qaba ture jetti. Haata'u malee, haalli akka isheen abdatteen hin taane. Guyyaa itti aanu bu'aa qorannoo qaqabee Micheen mucaa guyyaa sadiitti hospitaalaa hatamte Zephany Nurse ta'ushe mirkannesse. ''Anis naasuun achumatti hafe. Jireenyi kiyyas to'annoo kiyyaan ala ta'e,'' jetti. Dubbiin intala guyyaa sadiitti dhalattee amma waggoota 20 booda ragamte kunis mata duree gaazexoota Afriikaa Kibbaa ta'e. Jireeny Michees haala hinyaadamiin jijjirame. Tarii gara manaatti deebii'uu akka hin dandeenye itti himame. Waggaa 18 guutuuf ganaa maatii sadiitu hafa ture. Wayita sanatti murte mataashee taasisuu dandeessi, amma sanatti garuu achuma turuun akka qabaattu itti himame. Wayita kanas Michee odeeffanoo caalaa gaddisisaa dhaggeesse. Lavonaa Salamoon, dubartiin akka haadhasheetti amantee harkasheetti guddatte to'annoo jala olfamte. ''Haalli kuni caalaa hamlee koo cabse. Ishee arguun barbaadeen. Maaliif akka raawwatteefi maal akka umamee gaafachuus nan barbaade,'' jetti. Michee wayita umurii baatii saddeetii Mikaa'el waliin Namni akka abbaa Micheetti dhiyaate kunis poolisiirraa gaaffiin dhiyaateefiira. "Ijaraa keessa yoon milladhuu dhiphinaafi soodaa jiruu yoo argu caalaa dhiiphadhe,'' jetti Micheen. Poolisiinis yoo hanna raawwatame keessaa harka qabaate baru barbaadan. ''Abbaan kiyya garuu baayyee lallaafaafi nama gaarii ture. Abbaafi goota kiyya,'' jetti Micheen. Innis ''Lakkii ani kana hinraawwadhu, Micheen intala tiyya. Attamiin kan kiyya hintaane? Anis kana keessaa harka hinqabu,'' jedhee. Polisiinis Mikaa'eel Salamoon akka warra dhugaa jala hatamte akka hinbveekne adda baasan gadhiisan. Mikaa'el Lavonaa ulfa akka turte beeka ture. Isheenis ulfa irra bahee ture akka waan mucaa godhattee fakkeessuun hospitaalaa hatuun Zephany Nurse manatti fiddee. Amma Lavona Salamoon mana hidhaatti geeffamte sobaan haadha fakkachuufi daa'ima namaa humnaan hatuun himatamuuf eegataa jirti. Celeste Nurse (mirgaa) fi intalashee lammaaffaa Cassidy waliin Celeste and Morne Nurse ijoollee biraa sadii godhatan illeen mucaasaanii jalaa hatamte Zephany barbaachu dhaabanii hinbeekan ture. Bara baraanis guyyaa dhalootashee ni kabaju ture, erga wali hiikanii boodalleen. . Intalli isaanii hatamte garuu ollaadhumatti gudataa turte. Manni Salamoon kan Nurse irraa km 5 qofaa fagaata. Micheenis naannoodhuma sanatti burraaqaa guddatte. Amma Micheen maatii ishee dhugaan waliitti makkamte. ''Isaanis ofitti na hammachuun boo'uu eegalan,'' jetti. garuu baayyee gammadduu hinturre. ''Waan harka isaniitti hingudatiiniifu waanan isaan yaadu natti hinfakkaannee ture.'' Micheen dhiphiina miiraa keessa galte. Bara 2016'tti dubartiin daa'ima guyyaa sadii hatuun akka ilmoosheetti guddiftes hidhaa waggaa 10 itti murtaa'e. Abbaa dhugaa Zephany Mr Morne Nurse wayita mana murtiititi bahaa tureetti baruma sana Micheen haadha guddiftee mana hiidhaatte gaaffate. ''Anis yoo uffata hidhamtootaa waliin argu amman ofi to'achu dadhabuuttan boo'ee,'' jetti Micheen. Dhugaa baruuf wayita gaafatuuttis guyyaa tokkoon sitti hima jetteen. Wayita kanattis akka raawwatte shakkuu eegalte. "Dhiifama gochuunis qalbii namaa fayyisa. Jireenyi itti fufuu qabaata,'' jetti Micheen. Haati na guddiftees erga dhugaasaa natti himteen booda akkan dhiifama taasiseefi ammalleen ishee jaaladhu waan hubattees nageenyan argadhe. Isheenis yeroo tokko tokko maatii isheen jaallattuufi ishee haala gaariin guddisan irra fudhachu saaniif maatii dhugaashee jibbaa akka turte dubbatti. Mikaa'el intal Michee baatee Lanovaa man hidhaatti gaaffachuuf wayita deemaa turetti Micheen ammalleen haadha ishee guddifte mana hidhaati dhaquun gaafataa jirti. Ijoolle lama godhatulleen jaalali isheef qabdu fageenya km 120 konkolaachisuun gaafachuunirraa hindhorkine. Micheen amma Laavolaan hiikamuuf waggaa jaha qofatu hafa. Ammas mana maatii shee jiraachaa deebiite galuu haadhashee eegataa jirti. Micheen maqaadhuma warra guddiseen waamamu itti fufuu filattee. Amma eenyummaa ishee dhugaa hubachuu tasgabiin jiraachu kan eeegalte fakkaatti. "Jalqabarratti Zephany kanan jebbee natti fakkaata," jetti Miché. Isheetu rakkinaafi balaa sanaaf maatii lamaan dararee jettee yaadi turte. Haa ta'u malee Zephany ishee dhugaa Miché jedhamtuudha. Intala waggaa 17 sobamaa jiraatte amma garuu lamaanu wal madaalchisuun jiraataa jirtuudha. Isheenis 'maqaa lamaaniinu na waamu dandeessu. Natti tola,'' jetti. Seenaan ofee kunoo dhugaa waggoota 17'f dhokatee ture ifatti baasuun, maatii gaddaan qalbiin cabe boqachisee.
oduu-46519667
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46519667
Abbaay Tsahaayyee: Kan gaafatamnus yoo tahe walumaan gaafatamna
Hundeessitoota ABUT (TPLF) keessaa tokko kan ta'an Obbo Abbaay Tsahaayyee, BBC Tigrinyaa waliin gaaffii fi deebii torban darbe keessa taasisan isiiniif dhiyeessuun keenya ni yaadatama. Har'aaf ammoo dhimmoota hafan qabannee dhiyaanneerra dubbifadhaa.
BBC: ABUT jijjiramaa ammaan tana biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru akka waan mormuutti ilaalamaa jira. Maal jettu? Abbaay Tsahaayyee: Jijjiramni ammaan tana taasifamaa jirus kan dhaabbileen ADWUI balleesseera jechuu ummaticha dhiifama gaafachuun eegalameedha. Akkasumas ramaddiin aangaa'otaa wayita taasifamu kanneen sadarkaa ministirummaa, aangoowwan hedduu kan akka ittigaafatamummaa sivilii fi raayyaa keessaa kaafaman hedduun ABUT irraayyi. Kana tole jechuun fudhanneera. Biyyoota dimokraasii hordofna jedhan keessattis paartii ykn namni tokko aangoo irraa yoo kaafamu dallansuun meeqa akka uumamu beekamaadha. ABUT adeemsicha irratti sirreeffamni haa taasifamu jechuun gaafateera. Kanaafuu ABUT jijjirama kana eessarratti morme? Rakkooleen raawwiirratti turan jiru. Isaan ammoo yaa sirreeffaman jedheera. Fakkeenyaaf seerri cabaa jira. Waggoonni 27 darban akka bara dukkanaatti ilaalamaa jira. Kunis oomtu akka waan hin hojjatamiiniitti ilaalu. Kuni sirrii miti. Walumaan hojjanna jechuun yaada dhiyeesseera. ABUTn qofaa isaa wanti raawwate hinjiru. Dhaabbileen ADWUI arfan hunduu kan itti gatii kanfalaniidha. Kun yoo tuffatamu ABUT fi ummata Tigraayirratti komiin addaa fi dallansuun akka itti dhagahamutti kan fudhatan yoo jiraatan sirrii miti. Ofiidhuma keenya salphisaa jirra. Kun ammoo madaallii isaa yaa eeggatu yoo jennu ammoo jijjiramicha mormu keenyaa miti. Ummanni Tigraayis kan jedhe kanuma. BBC: Fakkeenyaaf dhimma Itiyoo-Eeritraa irratti ABUTn komii dhiyeessee ture. Kana irratti maal jettu? Obbo Abbaay: Haala hojiirra olamaa nageenya Itiyoo-Eertiraa irratti rakkoolee muraasatu jira. Osoo ummata jiddu gala taasifatee gaarii ture. Karri gama Tigraayi jiru yaa banamu, walitti dhufeenyi gama Finfinnee qofaan hin ta'iin, Asab qofas osoo hintaane Mitsiwaanis haa saaqamu. Daangaaleen Tigraay banaa yaa ta'an kan jedhu ture. Yaada kanneen dhiyeessu ammo mormuu miti. BBC: Wayita hidhattoonni biyya alaa turan gara biyyaatti deebi'an gammadoo turtanii? Obbo Abbaayi: Humnootiin mormitootaa biyya alaa turan yeroo gabaabaa keessatti akka deebii'an taasifamu isaa ABUT fi ummanni Tigraayi dinqisiifateera. Irra caalaanis miira dhiifamaa fi jaalalaan tokkummaa fi dimokraasii cimsuuf deebii'an. Muraasni garuu haaloofi gadoo isaanii walii jiru. ABUt fi ummata Tigraayi irratti haaloo qabu. Walumaagalattis ADWUI irratti haaloo bahu barbaadu. Kun ammo dhaadannoo jijjiramichaa kan ta'ee jaalalaa fi dhiifamaan yaa adeemnu kan jedhu sanaan faallaadha. Kanaafuu kun sirrii miti dhiisaa jedhamu qabaatu. Isaani garuu muraasa. Kanaafu kun yaa sirreeffamu jechuun rakkinni isaa eessarratti? BBC: Kanaafuu ABUT jijjiramicha attamiin hubata? Irra deddeebiin heerri motummaa yaa kabajamu jechuu keessan maal jechuudha? Obbo Abbaayi: Jijjirama jechuun harka yaa rukkunnu jechuu miti. Kan adeemsa gaarii qabatee adeemuuf harka haa rukunnu, xumuraanis yaa geenyu. Garuu maqaa jijjiramaatiin waanti biraa kan itti makamee adeemsifamu yoo ta'e ammo ''kun rakkina qaba' kun jijjiramicha gufachiisa. Kaayyoo fi qabiyyee jiijjiramaa kana miti jedhee kan sirreessu fi jijjiramicha rakkina irraa bilisa taasisuuf ifatti akka sirreeffamuuf kan gaafatu jijjiramicha cimsa malee gufachiisuu miti. Kunis sirreefamu kan qabaatudha. Sirriiyyuu jijjiramicha kan danqu osoo rakkina arganuu irra dibuun qaama hawaasa tokko qofatti quba qabuudha. Kanaafuu kan darbeef ittigaafatamaa mummeen ADWUI dha. Olaantummaan seeraa yaa kabajamu yoo jedhamus dhalattoota Tigree qofarratti xiyyeeffachuun eessaanu nun hingahu. Olaantummaan seeraa naannoolee hundattu, dhaabbileefi waajjiraalee federaalaa hundatti haala loogii hinqabneefi seeraafi ragaa qabatamaan hojiirra yaa olfamuudha kan bulchiinsiifi ummanni Tigraay jechaa jiru. Kun ammo jijjiramicha mormuu miti. ABUT fi Tigree qofarratti xiyyeeffachuun kanneen biraa irra qabuun kan raawwatamu yoo ta'e, kun olaantummaa seeraa miti. Kuni hirina sirreessu miti. Eessayyu mana hingeessu. Tarii waldhabdee biraa uumuufi ummaticha kan dalansiisu yoo ta'e malee. Lammaffaa irratti ammo ummanni dallane, kan shakku fi haala walqixa ta'een hinfayyadamne yoo jiraate biyyi kan diigamtu. Jijjiramni hunda hammataafi biyyaalleessa kan jedhamu yoo kan saba, hordoftoota amantaa, korniyaan osoo hinloogiifamiin hunda kan hammatu ta'eedha. Kan ta'u yoo baate ammo ummanni dalane ni fincila. Kun ammo deebisee gara jeequmsaatti nu geessa. Mootummaan ummata tokko looguu eegale ammo yeroo fudhata malee kanneenis looguunsaa hinolu. Nuti ummanni Oromoo akka jeeqamu hinbarbaannu. ABUTn aarsaan sana hunda kan kanfalame ummata Oromoo, ummanni Amaaraa, ummattootii Itoophiyaa hundi bilisa akka bahaniif ture. Kanaaf sababii maaliitiif rakkoole amma bakkeewwan garaa garaatti umamaniif ABUTn akka maddaatti kan eeramuuf? Kun balaa qaba. Biyyas ni diiga. Biyyoonni akka Yugozilaaviyaas haala akkasiitiin diigaman. Qaamni hawaasaa ykn sabni quba itti qabnu jiraachuu hinqabaatu. Ofitti yaa qabnu maal si jala hir'ifne jennee yaa gaafannu. Kana ta'u baannaan walitti bu'insi bakka hundatti baayyataa jiru kun baayyee sodaachisaadha. BBC: Akkuma beekamu sirnicha ogganuudhaan ADWUI keessatti olaantummaa kan qabate ture ABUT ture. Kanaafuu dogongora raawwatameef ABUTn ittigaafatamaadha jedhamuun kan eegamu mitiree? Obbo Abbaayi: Faranjiinni dhimmi 'double standard' jedhan tokkotu jira. Tokkooffaan misoomni dhufe, nageenyi argame, sirni Dargii kufeeera. Biyyi keenyas biyyoota addunyaa biratti beekamtii argattee jirti jedhu namoonni baayyeen. Egaan gahee olaan kan qabu ABUT yoo ta'e, kaafis motummaa galateenfamu qabaata. Kan irraa yaa eegalu mee. Yoo rakkina ilaalatu kan dursaan ittigaafatamu ABUT ta'ee, fiixaan bahiinsaaf nutis waliin ture kan jedhu dhufaa jira. Dadhabiina ABUT jiraachusaa, kan yeroo hidhannoo sanarra amma amataan ummanni irratti qabuu gadii bu'aa adeemuusaa, ummata Tigraay qofa osoo hintaanee, ummanni Ittoophiyaa guutuun miidhamu isaa gamagameera. Dadhabiin keenya ammo dadhabbii sirnichaatiif gumaata olaanaa qabaachu amana. Kana jechuu garuu, ABTU waan hunda kan umuufi diigu jechu miti. Aangoo hunda walitti qabuun kan qabate ABUT qofa jechu miti. Mana maree Ministirootaa kessatti ministiroota sadii ykn afur, paarlaamaa keessatti parsantaa jaha ykn torba qaba. Qaamoolee kanneen kan imaamata baasuu fi seerota ragaasisan. Asirratti kanneen sagalee fi teessuma caalmaa qaban jiru. Kanneen ministiroota baayyee qaban gahee olaanaa qabu gama gaariinis ta'ee dadhabiitiin. Gama qaamoolee haqaatiinis akkasuma Tigree baayyeen keessa hinturre. Oggansa Poolsiifi Ittisa biyyaa keessa garu eeyyeen turaniiru. Tika biyyaa keessaas akkasuma. Waggoota torbaafi sadeettan darban keessa garuu irra caalaan saba gara biraa turan. Itaamajor fi ittigaafatamaan tika nageenya Tigree yoo ta'e baqqaa waanti hundi isumaa madaalama. Rakkina ADWUI biraatti umameef eeyyeen gumaati ABUT olaanaadha. Garuu waan hundaaf ABUTn ittigaafatamu qabaata kan jedhu garuu sirrii miti, sababii ABUTn sagalee gadaan qabuuf. Paarlaamaa keessatti sagaleensaa 10n gadiidha. Mana maree ministrootaatiis akkasuma. Kanaafuu, ADWUI mataansaa ittigaafatamaa mummeedha jechuun ture hojii raawwachiiftuudha kan gamagameera. ABUT jechuun hingamagmne. Sababiinsaa motummaa Federaalaa, Ittisa biyyaa fi tikaafi nageenya ogganaa kan ture Ministira mummeeti. Kanaafuu itti gaafatamu kan qabnu walumaan malee ABUT qofa irratti quba qabuun hin ta'u. Kanaafuu ministira mummee kan ture ABUT yoo ta'e wayita ture sanatti ittigaafatamu qabaata. Kaan irraa yoo ta'es ammoo akksuma ittigaafatamu qabaata.
oduu-44518012
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44518012
Ogbarruu Afaan Oromoo: Eebbistoota moo dubbistoota ?
Dhaloota Kiristoosiin dura Masriin waraqaa yabbuu Paappiiras jedhamu kalaqxe.
Qareeyyiin naannoo galaana Meditaraaniyaatii hanga mootummaa Kuush Nuubiyaa jiran xalayaa dhuunfaafi mootolee, dosee, naga'ee bittaafi gurgurtaa bulbula cileetti muka qalloo tuqsiisaa barreessuu eegalani. Kitaabni akka handaqii maramus yerosuma mana warra Fara'oonotaa keessatti barreeffame. Waggoota dhibba baayyeen booda namichi Jarmanii Guutanbarg maashinii maxxansaa jalqabaa socho'u Awurooppaafi addunyaaf jabaa jedhe. Warraaqsi maxxansaas achumaan jalqabe. Jaarsa Afrikaa fi mana kitaabaa Afrikaan tarree warra qarooma barreefamaa jalqabe keessaa haa taatuyyuu malee, saboonnishee baayyeen beekumsaafi ogummaa isaanii afoolaan daddabarsaa har'a gahaniiru. Ammas ittuma jiru. 'Jaarsi Afrikaa tokko gaafa du'e hamma manni kitaabaa gubateeti' jechamni jedhu kanuma ragaa baha. Manguddoowwan argaa-dhageettii Oromoollee insaayikiloopidiyaa seenaafi aadaan irraa waraabamee hin dhumne jedhamu. Haa ta'uutii seenaan barreeffamaa Oromoo akka jedhamu as dhihoo miti kan jedhan Ameerikaa, yunivarsiitii Noorwichitti barsiisaa hog-barruu addunyaa kan tahan Dr. Tafarii Niguusee dha. 'Warri Baalee waggaa 800 dura amantii Islaamaa fudhatanii achumaan qara'uu jalqabanii kunis subii hog-barruu Oromoo ta'e,' jedhu barsiisaan kun. Bara 1682tti Afaan Oromoo Awurooppaatti ija maxxansaa arge. Lammiin Jarmanii Ruudoolf Yugoo jedhamu afaanota Itoophiyaa biroo wajjin kitaaba waan akka galmee jechootaa maxxanse. Masaraafi mana murtii Gondar keessa afaan Oromoo qixumaan barreeffama irra ooluusaa kan barreesse Jeemsi Biruuz Weedduu Solomoon gara Afaan Oromootti geeddare. Ergasii qorattoonniifi barreessitoonni faranjii baayyee kutaalee Macaafa Qulqulluu gara Afaan Oromoo geeddaraniiru, galmee jechootaa Afaan Ingiliizii gara Afaan Oromootti, Afaan Oromoo immoo garan afaan Ingiliiziitti hiikanii jechuun tarreessu barsiisichi. Kuni hundi egaa otoo Onasmoosifi Asteer Gannoon kitaaba Afaan Oromoo maxxansaa hin gahiin waan tahe dha. Jechuun seen-duubee ogbarruu Oromoo xiinxalu. 'Koottaa kitaaba eebbisna' Waggoota dhihootiin asitti katabdoonni qalamni isaanii mirgiseef copha sammuu isaanii akka eebbisnuuf jila beekumsaa qopheessan irratti karaa foddaa sab-himaalee Finfinnee dabalatee magaalaalee Oromiyaatti waamicha nuuf dhiyyeessu. Namoonni lakkoofsi isaanii xiqqoo hin jedhamne yaa'ii kana irratti argamuun dhangaa beekumsaa qooddachuu isaaniis arguun baramaa dhufeera. Garuu mee, kitaabonni torbeetti eebbifaman dubbisaa qabuu? Moo girgijii (shelf) dukkaanaatti awwaarri isaan nyaata laata? Barreessitonni kunneen warra dubbisee katabu moo, katabee warra dubbisu? Walumaa galatti barteen dubbisuu hawaasa keenyaa akkami? gaaffii jedhu qabannee Hiliif Alamaayahu, shamarree yoo rakkoo addaa qabaatte malee eebba kitaabarraa hin hafneefi warreen dhimma kana itti siiqanii taajjaban komiif qeeqa isaanii gaafanneerra. Hiliif nama kitaaba eebbisuu dhufe keessaa isa kitaaba hin bitatiin galutu baayyata jetti. Kunis barteen dubbisuu keenyaa hundee gadi akka hin fageeffanne nutti agarsiisa jechuunis ibsiti. Dr. Tafariin immoo namni keenya baayyeen girgijii (shelf) miiya manaa burcuqqoofaa irra keewwatu malee kan kitaabaa hin qabu jedhan. Har'aa fi dur Bara Onesmoosfaa kitaaba Asmaraatti maxxansiisan Wallaggatti erganii kuma kudhan tamsaasanii uummata naannichaas dheebuu beekumsaa baasani kan nuun jedhan doktar Tafariin. Pireezidantiin Waldaa Barreessitoota Oromoo obbo Yoomiyyuu Mul'ataa immoo ''barteen kitaaba dubbisuu Oromoo yeroodhaa yerootti dabalaa yoo dhufeyyuu, namoonni kitaaba koppii kuma tokko maxxansan gurguruuf waggaa lama caalaa itti fudhata,'' kunimmoo ammas barteen kitaaba dubbisuu hawaasa Oromoo keessa jiru gad-bu'aa ta'uu himu. ''Gaazexaan 'Bariisaa' bara Dargii keessa yeroo hundooftu koppii hanga kuma kudha lamaatu baha ture'' bara ammaa si'a Oromiyaa keessa barataa miliyoona 10 ol jira jedhmutti gaazexaan 1500 ille hin gurguramu jedhu doktar Tafariin. Maaltu maal taheeti? Mootii Abbaltiin barreessaa kitaaba walaloo 'Dhaala' jedhamuufi qeeqaafi ilaalcha dhimmoota garaagaraatti qabu miidiyaa hawaasummaa irratti barreessee dhoobuun namoota danuu biratti beekama. ''Kiitaabileen baayyee nuuressa (imaginative) hin qaban. Waan kaleessaafi har'aa himu malee kan egeree hin akeekanii'' jedha. Seenessawwan barreessitoota baayyee gara tokkootti kan luucca'uufi fedhii dubbisaa guutuuf waan barreefaman fakkaatu jechuunis ibsa. Hiliif gama isheetiin '' barreessitoonni keenyi wal-jalaa ilaalu tahee hin beeku, waan barreessan wal-fakkaataa dha'' jechuun ibsa mootii jabeessiti. Afaan Oromoo sirriitti qubeessuu dhabuu, barreefamoota sirna tuqaalee sirnaan hin hordofne, kitaabonni walaloofi asoosama irra ce'anii seenaafi xiinxala siyaasaa jabaa qabatanii barreefaman hin jiraniin komii dubbistoota hedduuti. Gama biraan dhiibbaan siyaasaa waggoota dheeraa Oromoo irra tureefi jiru akka barreessuufi dubbisu jabeessaa hin turree jedhu obbo Yoomiyyuu Mul'ataa. ''Hog-barruun tokko immoo uummatasaa fakkaata'' jechuun barreessaan ba'aa raabsaa fi maxxansaa baachuunsaa qulqullina kitaabotaa irratti dhiibbaa qabas jedhaniiru. Dhalootni ammma jiru kuni suur-sagalee akka madda odeeffannootti waan fayyadamuuf kitaaba dubbisuufi dubbisee qeequuf fedhii hin agarsiisu jedha Mootiin. Yeroo keenya dheeraa bilbila irratti miidiyaa hawaasummaa irratti qisaasessina, hanqinni kunimmoo anummarraa jalqabaa jetti Hiliifis. Falli maali? Doktar Tafariin sabni hin dubbifne waan baduuf ''Yoo nuti dubbisuu hin jaallanneyyuu ilmaan keenya dubbisuu barsiisuu qabna'' yoo jedhan. Barreessitoonni keenya qalama isaanii ol kaasanii barreessuun dura dhimma kataban irratti ''addunyaan maalirra jirti?, xiin-sammuu hawaasichaa maal fakkaataa?, animmo waan addaa maal qabadhee dhiyaachuu danda'a?'' gaaffii jedhu of gaafachuu qabu kan jedhu Mootii dha. Pireezidantiin Waldaa barreessitoota Oromoo Yoomiyyuun immoo mootummaa dabalatee, warri abbaa maallaqaa, miidiyaaleen hog-barruu fi bartee dubbisuu dagaagsuu cina dhaabbachuu qabu jedhu. Hiliif, ''Nama gara aadaa dubbisuuutti akka dhufu yoo barbaadne kitaaba warra durii 'Hawwii' faa itti kennuun haa jalqabsiisnu jechaa gorsashee arjoomteetti. Raawwadhe. Horaa bulaa.
oduu-42625695
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42625695
Maatiin namoota hidhaa jiranii namni eegnu hin hiikamne jedhan
Roobii darbe miseensota paartii siyaasaafi namoota biroo dhimmi isaanii abbaa alangaan ilaalamaa jiruufi kanneen itti murtaa'e, sadarkaa biyyaatti waliigaltee uumuufi dirree yaada siyaasaaf tolu fiduuf gadi dhiisuuf murtaa'uu isaa hoggantoonni paartilee miseensa ADWUI afran ibsa waliin kennaniin beeksisanii turan.
Guyyaa ibsi kun ba'erraa eegalee namoonni maatiifi firoonnii isaanii hidhamanii jiran nuffii tokko malee naannoo manneeen hidhaa Qilinxoo, Zuwaayiifi Maa'ikelaawwii ooluudhaan karra karra isaanii ilaalaa oolu. Yakka jeequmsaafi diddaa kakaasuun itti murtaa'ee mana hidhaa kan jiru itti gaafatamaan sab-qunnamtii duraanii Paartii Samaayaawwii Yonaataan Tasfaayee, erga oduun kun dhaga'amee kaasee hiikamuusaa eegaa jirra jedhu maatiin isaa. "Ayyaana Qillee waliin walqabsiisee mucaan keenya hiikamuu danda'a jennee hawwiidhaan eegaa turrullee hanga ammaatti wanti mul'ate hin jiru," kan ilmi isaanii mana hidhaa Zuwaayitti argamu Obbo Tasfaayee Raggaasaa. Intalli adeemsa mana murtiitif waggaa lamaaf mana hidhaa kan jiran itti aanaa itti gaafatamaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa, Boontuu Baqqalaa garuu murteen kun hojiirra oolee hanga argitutti amanuuf akka rakkattu dubbatti. "Mootummaan kan ganama dubbate waaree booda waan irra hin deebineef mana hidhaatii ba'ee yoo waliin taanee ciree nyaanne qofan amana," jetti. Abbaan Yonaataan erga murtoon mootummaa kun dhaga'amee ilma isaanii arguu baatanillee firoonni isaanii biroon deemanii arganii turan. "Kan hojiitti jijjiiramu yoo ta'eef bu'uura ibsichaatiin ani mana hidhaatii ba'uu nan danda'a jedhee eeggachaa akka jiru isaan waliin haasa'era," jedhu Obbo Tasfaayeen Yeroo BBCn oduu kana qopheessaa jirutti Obbo Baqqalaan wal'aansa fayyaaf ala akka jiran hubachuun danda'ameera. Akka Boontuun jettutti, "anillee itti bareera; obbolaawwan koo quxisuun garuu barnoota isaanii hordofuu dadhabaniiru," jetti. Miseensonni Kongirasii Federaalawa Oromoo galmee Obbo Baqqalaafaa jala jiran Addisuu Bullaalaafi Dajanee Xaafaa ibsicha ilaalchisee waan dhaga'an akka hin qabne akka isheetti himan dubbatti. Akka ibsa ministira muummeettii hiikamuu hidhamtootaa biratti bakka dararaan addaa addaa hidhamtootarra ga'aa itti ture giddu-galli qorannaa yakkaa Maa'ikelaawwiis akka cufamu murtaa'eera jedhameera. Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu 'Aminastii Internaashinaal' oduu hiikamuu hidhamtootaafi cufamuu Maa'ikelaawwii akkuma dhaga'een "mallattoo dhuma haccuucaa hamaa ta'uu danda'a,'' jedhee ture. Haa ta'u malee gama mootummaatiin haala adeemsichaas ta'e namoota warra kamitu mana hidhaatii akka hiikamuu danda'an wanti himame hin jiru. "Ol iyyannoo irraa kan ka'een yeroon turtii mana hidhaa Yonaataan waggaa ja'aafi walakkaarraa gara waggaa sadiifi walakkaatti hir'atus guutumman guututti hidhaatii ba'ee osoo arginee maatiin isaa, firaafi jaallattoonni isaa waan hunda caalaa akka gammadan shakkii hin qabu," jedhu Obbo Tasfaayeen. Dhimma kana yoo beekan jechuun Mana Sirreessaa Federaalaa kan gaafataman "hanga ammaatti waajira ministeera muummeetis ta'e abbaa alangeerraa xalayaan nu ga'e tokkollee hin jiru,'' jedhaniiru. Akka nu ga'eenis kan beeknu ta'a," jechuudhaan ogeessi sab-qunnamtii Itti aanaa Saajiin Saahilegabreel Yitbaarek BBC'tti himaniiru. Abbaan Alangaa Federaalaas haaluma walfakkaatuun xalayaan kamiyyuu waajjira ministeera muummee irraa akka isa hin geenye beeksiseera. Boontuu Baqqalaa akka BBC'tti himtetti ibsicha dhaga'uun dheengadda naannoo mana hidhaa Qilinxoo namoonni maatiifi firoottan isaanii hiikamuu laata jedhanii hawwiin eeggachaa turan. Haalli jiru kun toora qabatee eenyu akka hidhaarraa hiikamuufi eenyuuf akka araarri ta'uuf hanga beekamutti maatiifi firoonni hawwiin eeggachuun ittuma fufa.
oduu-54422463
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54422463
Pireezidant Saahilawarq Zawudee: 'Filannoo biyyaalessaa itti aanuun paarlaamaa keessatti sagaleewwan siyaasaa garagaraa ni dhagahamu'
Pireezidant Saahilawarq Zawdee yaa'ii waliinii Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa adeemsisan irratti, filannoo biyyaalessaa itti aanuun paarlaamaa keessatti sagaleewwan siyaasaa garagaraa kan itti dhagahaman akka tahu ni hojjenna jedhan.
Yaa'ii jalqabaa bara hojii jahaffaa manneen maree lamaanii irratti preezidaantiin biyyattii Saahilawarq Zawdee, Ministirri Mummee Abiy Ahimad, miseensootni manneen maree lamaanii fi keessummootni affeeraman argamaniiru. Yaa'ii har'aa kana dhaabni naannoo Tigiraay bulchu - TPLF, ''Walgahiin har’a waamame jedhame akkuma nama kaanii calliseema kan wal waaman yoo tahe malee, aangoo seera qabeessaa hin qabu,'' jechuun kuffiseera. Preezidaantiin biyyattii Saahilawarq Zawdee haasaa baniinsaa taasisanin, barri darbe kan hojiileen ijoo biyyaalessaa itti milkaa'aniifi qormaatawwanis itti mudatan ta'uu dubbatan. Badhaasni Noobeelii MM Abiy argatan, guutinsi marsaa jalqabaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa, saatalaayitii biyyattiin furguggeessite, labsiin filannoo haaraa ragga'e fi rifarandamiin Sidaamaa bifa milkaa'aan raawwatamuun, milkaa'inoota biyyattiin bara darbe keessa galmeesiste keessaa ta'uu himan. Sababa weerara Covid-19n barumsi addaan cituu, filannoon biyyaalessaa taasifamuu dhabuu, lubbuun namootaa darbuu fi madaa'uu akkasumas weerarri hoomaa awwaanisaa qormaatawwan bara 2012 keessa biyyattii mudatan keessaa ta'uu preezidaant Saahilawarq Zawdee dubbataniiru. Dhimmoota bara 2013 irratti xiyyeeffatamu… Preezidaant Saahilawarq Zawdee bara 2013 keessaa gama diinagdeetin dhiibbaa koroonaan diinagdee biyyattiirratti qabu ittisuuf akka hojjetamu kan himan yemmuu ta'u, dhibeen Covid-19 erga to'atamee boodas diinagdee biyyattii gara daandii sirriitti fiduu fi guddisuuf hojiin bal'aan akka hojjetamu himaniiru. Qaala'iinsa gatii hir'isuufis immaammatawwan maallaqaa fi fisikaalaa mootummaan eegale cimanii akka itti fufan akka taasifamu dubbataniiru. Qonna ammayyeessun omishaa fi omishtummaa guddisuun dhimma bara 2013 keessa xiyyeeffannaa itti kennamu akka ta'e kan himan Prezidaant Saahilawarq Zawdee, projeektota harkifataa turan xummuruun uummatni akka itti fayyadamu taasisuunis hojiilee ijoo mootummaan biyyattii bara 2013ti irratti xiyyeeffatu akka ta'es dubbataniiru. Proojeektota damee tuurizimii daddamaqsuuf eegalaman cimsuun ijaarsi paarkiiwwan gurguddaa kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti akka ijaarraman kan himan prezidaantittiin, paarkiiwwan tuurizimii naannoo Amaaraa-Gorgoraa, Oromiyaatti hara Wancii fi naannoo Kibbaa Koyishaatti ijaaruun galmoota bara 2013 akka ta'anis himaniiru. Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa GERD tarbaayinoota lamaan anniisaa akka maddisiisu taasisuu fi guutinsa bishaanii marsaa lammaffaa akka qabatu taasisuunis bara akana keessa akka hojjetamu dubbatan. Dimokiraasii fi Olaantummaa Seeraa… Filannoo biyyaalessaa itti aanu karaa naga qabeessa fi dimokiraatawaa ta'en raawwachuuf akkasumas gama hirmaannaa fi morkiitin ulaagaalee idil addunyaa kan guuttate akka ta'u gochuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Preezidaant Saahilawarq Zawdee haasaa miseensota manneen maree lamaanif taasisanin himaniiru. "Filannoon biyyaalessaa itti aanun paarlaamaa keessatti sagaleewwan siyaasaa garagaraan kan itti dhagahamaniifi paartiileen bakka bu'ummaa akka qabaataniif dirree wal morkii haqa qabeessa uumuu fi dirree siyaasaa mijataa taasisuuf xiyyeeffanoo guddaan ni hojjetama," jedhan. Gama biraatin nageenya biyyattii sadarkaa amansiisaarraan gahuuf hojiin uummata hirmaachise akka hojjetamus himaniiru. "Ijaarsawwan mirkanaa'uu olaantummaa seeraaf gufuu ta'an fi qaamoleen hidhatan gochaa seeraan alaa kamirattiyyuu akka hin hirmaanne gochuuf fi mootummaan ala ijaarsi seeraan alaa kamiyyuu hidhatee akka hin sochoone gochuuf ni hojjetama," jedhaniiru. Gama mirgoota namoomaa eegun humna dhaabbilee mirga namoomaa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Dhabbata Abbagaar Itoophiyaa cimsuuf akka hojjetamus Preezidaant Saahilawarq Zawdee himaniiru. Tajaajila uummataa hanna irraa bilisa ta'e uumuuf ilaalcha fi gochaa hanna dhaabbilee mootummaa keessa jiran saaxiluun tarkaanfin akka fudhatamuu gochuun dhimma bara 2013 keessa xiyyeeffannoon itti kennamu akka ta'es dubbataniiru. Gama fayyaatin walingahiinsa dhaabbilee fayyaa bal'isuu, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, hojiin ittisa dhibeewwan daddarbaa xiyyeeffannoon itti kennamee akka hojjetamu preezidaantittiin himaniiru.
oduu-56623213
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56623213
Waa'ee barsiisota Yuuniversitii Jimmaa hidhamanii maatiin maal jedhu?
Pirezidaantii Itti Aanaa Yuuniversitii Jimmaa kan turan Dr Aduulaa Baqqalaa, waahillan isaanii biroo ja'a waliin kaleessa ganama (Jimaata Ebla 02, 2021) mana jireenyaa isaanii keessaa humnoota nageenyaan qabamuu mana hidhaatti darbamuu maatiin Dr Aduulaa BBC'tti himan.
Haati warraa Dr Aduulaa Aadde Birtukaan Iddiluu ganama obboroodhaan wayita hidhattoonni manasaanii marsuun balabala itti rukutan rifatanii ka'uu himaniiru, isa booda waan mudates akkanaan dubbatan. ''Kaleessa ganama obboroo sa'atii 12 jechuu daqiiqaa 10 hir'uutti dhufanii balbala nutti rukutan. Abbaa warraakoo akka barbaadanii fi manas akka sakatta'uuf dhufan nutti himan. Maaliif jennee wayita gaafannu meeshaa harkaa qabaachuudhaan shakkamtanii jirtu nuun jedhan,'' jedhan. Jalqaba poolisoonni Oromiyaa lama akka gara manasaanii dhufan kan himan Aadde Birtukaan, waraqaa seera qabeessa qabaachuusaanii gaafachuu keenyarratti atakaaroon uumamee ture jedhan. ''Fuula keessanis waanan hin beekneef waraqaa seera qabeessa mana murtii qabattanii dhuftanii maaliif hin sakattaatan jedheen gaafadhe. Waa'ee waraqaa seera qabatanii dhufuurratti Abbaa manaa koo fi poolisoota gidduutti walitti deddeebisuun tureera.'' ''Yeroo gaarii keessa hin jirru. Abbaan barbaade uffata poolisii uffatee nama saamuu danda'a. Kanaafuu waraqaan seera qabeessa ta'e dhiyaachuu qaba jenne.'' Falmii yeroo dheera boda haga waraqaan mana murtii dhufutti ala turaa jedhamuu kan himan Aadde Birtukaan, boodarra waraqaa malee humnumaan sakatta'na jedhan. ''Poolisoonni yeroo dheeraaf abbaa warraa koo wajjin ala mana keenya fuuldura erga taa'anii boda ka'i ni deemnaa wayita jedhaniin uffatan uffadha jedheen. Hin danda'amu jedhaniin. Isa boda animmoo uffata rakkoo hin qabu asumatti uffatta siifan fida jedheen geesseef. Innimmoo asitti hin uffadhu jedhe. Achiin boda olseenee balbalumarratti akka uffatu iyyamaniif.'' Jechuun uffatumallee osoo abbaan manaasaanii hin uffatin fuudhanii deemuuf akka turan himan Aadde Birtukaan. ''Erga uffatee fuula dhiqatee boda deemuuf wayita inni qophaa'u, lakkii hin deemnu mana sakattaana malee jedhaniin.'' ''Nutis waraqaa mana murtiirraa fidaa jennee itti cichine, boodarra falmiiin wayita hammaatu poolisoonnis dabalamaa dhufan.'' Humni nageenyaa wayita dabalamaa deemuu fi namoonni kaanis qabamuusaanii wayita arginu dubbiin cimaa deemaa jiraachuu barree, waraqaa mana murtii fidanis dhiisanis haa sakatta'an jennee murteessine jedhan Aadde Birtukaan. ''Isa boda bakka namoonni ollaa dhufanii taajjabanitti mana ol seenanii sakatta'anii kompiyuutaraa fi dookimantii barnootaa garaagaraa ilaalanii filaashii tokko fudhatanii deeman,'' jedhan. ''Achitti sakattaana jedhanii fudhatanii deeman. Meeshaa biraa waan argatan hin qaban. Nuti meeshaan keenya kobbee, dabtara, kitaabaa fi kompiyuutara malee waan biraa hin qabnu.'' Isa booda aanaa tokkoffaatti akka geessan natti himanii fudhatanii deeman, achitti ciree fidii gaafadhu naan jedhan. Pirezidaantii Itti Aanaa Yuuniversitii Jimmaa kan turan Obbo Aduulaan yeroo ammaa barattoota sadarkaa garaagaraa irra jiran barsiisuun tajaajilaa jiru. ''Ergasaan qabamaniis maaliif akka hidhaman nama odeeffannoo natti himu nan dhabe. Abbaa alangaa tokko argadhee wayitan gaafadhu waan beekan akka hin jirree fi ajaja gubbaa dhufe ta'uu qofa natti himan,'' jedhan Aadde Birtukaan. Guyyaa guutuu mooraa keessa teessisaa oolchanii galgalarra kutaa dhiphoo tokkotti namoota hedduu galchan kan jedhan Aadde Birtukaan, ''weerara koronaavaayirasii akka malee dabalaa jiruuf saaxilamoodha,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan. Dr Aduulaa wajjin walumaagalatti barsiisonni torba mooraa isaanii keessaa hidhamuu kan himan Aadde Birtukaan Iddiluu, namoonni kunneenis barsiisaa Fayyeeraa, barsiisaa Shamsaddiin, Pirofeesar Sulxaan Sulaymaan, barsiisaa Badhaasaa Farajaa, barsiisaa Wolduu fi Dr Bilisummaa Mul'ataa jedhamu. Barsiisonni kun hunduu maaliif akka hidhaman wanti beekamu hin jiru. Dhimma hidhamuu barsiisota Yuuniversitii Jimmaa irratti akka yaada nuuf kennaniif pirezidaantii yuuniversitichaaf bilbillus bilbila hin kaasan. Hidhaan Yuuniversitii Jimmaatti maaliif deddeebi'e? Hidhaan barattootaa fi barsiisota Yuuniversitii Jimmaarratti bara kana wayita raawwatu kun kan jalqabaa miti. Amma dura wayita sirna eebbaa yuuniversitichaa kan qabaman barataa Mohaammad Deeksioo fi hojjettoonni yuuniversitichaa lama ammallee hidhaa jiru. Eebbaa barattoota Yunivarsiitii Jimmaa irratti hidhamtoonni siyaasaa akka hiikaman kan gaafate Mohaammad Deeksioo dabalatee namoonni isa waliin hidhaman lama 'yakka ajjeechaan' shakkamuu poolisiin himeer ture. Sirna eebbaa A.L.I Guraandhala 6 bara 2013 gaggeeffame irratti nama barsiisaa Yuunivarsiitichaa ture kan waltajjii irratti sirba dhiyeesse harkaa maayikii fudhachuun 'Free Jawar Mohammed', 'Justice for Hachalu Hundessaa' akkasumas 'Free Oromo Political prisoners' jechuun erga waywaatee booda ture kan to'annoo jala oole Mohaammad Deeksisoo. Isa waliin barsiisaan yuunivarsitichaa guyyaa sana sirbaa ture Mulugeetaa Hittee akkasumas aanga'aa dhimma qunnamtii alaa yuunivarsitichaa kan ta'an Dr Wandimmuu Laggasaa yakka ajjeechaa waliin himatamaniiru. Barataa Mohaammad Deeksisoo wabiidhaan akka ba'u manni murtii irra deddeebiin ajajus poolisiin garuu mana hidhaatti uggureera. A.L.I Guraandhala 6 bara 2013 manni murtii mirga wabii eeguufi hordofee Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Mohaammad Deeksisoo hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafachuun ibsa baasee ture. Wanti Mohaammad Deeksisoo godhe yakkaan nama gaafachiisa jedhee hin amanu jedhe komiishinichi. Dabalataan Mohaammad guyyaa to'annoo jala oolfame poolisootaan reebichi irratti raawwatamu komiishinichi himee ture.
oduu-54388521
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54388521
Koronaavaayiras: Dr. Tedroos dhibee Covid-19n kan qabaman Tiraampiif ergaa 'isin yaa maaruu' dhaaman
Dareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Dr Teediroos Adhaanom Gabaryasus pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampiifi haatii warraasaanii Maleeniyaa Tiraamp dhibee Covid-19 irraa akka fayyina hawwaniif jedhan.
Doonaald Tiraampiifi Giftii duree Meelaaniyaa Tiraamp, Covid-19 qabamunsaanii har'a ibsame. Haaluma kanaanis ergaa Dr Teediroos karaa tiwiitaraatiin dabarsaniin, Tiraampiifi Giftii dureedhaan 'dafaa fayyaa' jedhaniinii jiru. Pirezidant Tiraamp Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irra deedeebiin akkaataa itti weerarichaaf deebii kenneeratti qeeqaa turunsaanii ni yaadatama. Akkasumas, Tiraamp bara kanatti walitti dhufenya Ameerikaafi Dhabbannii Fayyaa Addunyaa waliin qabdu dhaabuusaanii beeksiisaniiru. Kaanaafis dhaabbatichi 'gutummaan to'annoo Chaayinaa biyya vaayirasichi yeroo jalqabaatiif irraa maddee jala' jira jechuun balaaleeffatan. Ameerikaan biyyaa qfaashee eejjansiiwwan fayyaa addunyaa Motummoota Gamtoomaniif maallaqaa olaanaa gumattuudha. Kunis biyyoonni kunuunsa fayyaa saanii akka cimsaniifi weerara akka ittisaniif kan gargaaruudha. Dr Teedroos garuu komii Tiraampi dhiyyeessu hundaafu dhaabbannii isaanii walaba jechuun falamaa turan. Haa ta'u malees, adeemsa tarkaanfii ittisa weerarichaa irratti dhaabbatichi fudhate kan xinxalan ta'u waadaa galanii ture.
oduu-51353405
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51353405
Koroonaavaayiras: Chaayinaan hospitaala hatattamaan ijaarte hojii eegalsiisuuf
Chaayinaan hospitaala hatattamaan ijaartee xumurte eebbisiisuuf jetti.
Hospitaalli kun kan ijaarame magaalaa jalqaba koroonaavaayirasiin keessatti mul'ate Wuhaan keessatti. Chaayinaan sardamtee murtoo kana kan fudhatteef lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii fi du'anii dabalaa waan jiruuf. Hospitaalli guyyoota saddeet keessatti ijaaramee xumurame kun siree namoonni irra ciisanii wal'aanaman 1,000 qaba, maqaan isaas 'Huoshenshan' jedhama. Yeroo ammaa namoonni 17,000 Chaayinaa keessatti koroonaavaayirasiidhaan qabamaniiru, namoonni 361 ammoo du'aniiru. Erga koroonaavaayirasiin Chaayinaa keesatti tatamsa'ee biyyoonni lammiileen isaanii Chaayinaa jiran achumatti ittisuu eegalaniiru, kaan ammoo sakatta'iinsa cimaa gaggeessaa jiru. Ragaa wayitaawaa dhimma qorannaa koroonaavaayirasii irratti jiruun Chaayinaa keessatti namoonni 21,558 vaayirasichaan shakkamanii adda baafamaniiru, namoonni 152,700 to'annaa yaalii fayyaa jala jiru, kanneen 475 ta'an ammoo bilisa ta'anii hospitaalaa ba'aniiru. Chaayinaadhaan alatti lammiileen biyyoota adda addaa 150 ta'an vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'eera. Chaayinaa keessatti hospitaalli wal'aansa dhibee kanaaf ijaarame yeroo ammaa lakkoofsa dhibamtootaan dhiphateera. Koroonaavaayirasiin erga akkaan tatamsa'uu eegalee biyyoonni ollaa Chaayinaa daangaan akka cufamu gaafachuu eegalan. Dhaabbati Fayyaa Addunyaa garuu daangaa cufuurra sakatta'iinsa cimaa gaggeessuutu fala ta'a jedheera. Koroonaavaayirasiin vaayirasii isaan walfakkaatu kan kanaan dura lubbuu namoota hedduu galaafate 'Sars' jedhamu caalaa tatamsa'uu eegaleera. Lubbuu namaa galaafachuudhaan garuu haga isa duraa hin ga'u.
oduu-55411869
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55411869
Nageenya Oromiyaa: Lola hidhattootaa fi mootummaa lammilee nagaa 'gatii qaalii kafalchiisaa jiru'
Baatii Sadaasaa darbe kutaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa iddoo humnooti mootummaa hidhattootaan lolaa jiran dabalatee bakkoota gara garaatti lammileen nagaa hedduu ajjeefamuu gabaasaaleen bal'inaan marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa turan ni mul'isu.
Lolli hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun of waaman kan mootummaan 'ABO-Shanee' ittiin jedhuufi mootummaa jidduutti adeemaa jiru umurii waggaa lamaa olii lakkoofsiseera. Kutaalee Oromiyaa hidhattoonni kun keessa socho'an gara garaatti raayyaan Ittisa biyyaa bobba'ee kan ture yoo ta'u, lolli Tigraay dhalachuu hordofuun dirqamni hidhattoota kana loluu humna addaa poolisii naannoo Oromiyaaf kennamuu MM Abiy Ahimad xumura Sadaasaa wayita paarlaamaatti dhiyaatan dubbatanii turan. Komishiniin poolisii Oromiyaa 'tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu' fudhadhe jedhuun yeroo ji'a tokkoo keessatti hidhattoota 350 ol ajjeesuu fi kanneen 170 ta'an ammoo to'annoo jala oolchuu tibbana ibseera. Lixa Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti tajaajilawwan bilbilaa fi intarneetii lola Tigraay hordofee adda cite ammallee bakkatti hin deebine. Tarkaanfii fudhatamaa jiruun kanneen ajjeefaman keessa lammileen nagaa jiraachuu fi gariin isaanii mana isaaniiti erga qabamanii fudhatamanii booda mana murtiitti osoo hindhiyeeffamiin ajjeefamanii argamuu himu jiraattonni. Godina Horro Guduruu Wallaggaatti barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Saqalaa kan ture namni ganna 32 Kitilaa Guddataa kanneen haala akkasiin ajjeefame keessaa tokko. Miseensi maatii barsiisaa Kitilaa sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne nu gaafatan tokko akka jedhanitti, Kitilaan Kamisa Sadaasa 19 halkan sa'aatii 3:30 irratti miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa kudhan ta'aniin mana isaatii qabame. "Haati warraa fi haati ijoollee isaa lamaa bakka isaa ana fuudhaa deemaa jettee itti boosullee, gaaffilee muraasa gaafatamee deebi'ee dhufa jechuun itti qoosanii fuudhanii deeman," jedhu miseensi maatii kun. Guyyaa itti aanu bilbilli isaa cufaa akka ta'ee fi eessa akka jiru wallaalu himu. "Jimaata galgala naannoo sa'aatii 1 rasaasaan dhahamee ajjeefamuu akka hin oolle namoonni haasa'uu eegalan. Garuu eessatti akka ta'e hin baramne ture," jedhu. "Sanbata ganamaan reeffi isaa magaalaa Saqalaan ala iddoo Haroo Aagaa jedhamutti argamuu isaa dhageenye. Namni ana dursee achi gahe hin jiru." "Lagatu jira, laga sana qarqaratti dhagaa irratti ajjeesan. Harki isaa duubatti hidhamee fuulduratti kufeen arge. Dubarraan rukutame. Akka waan kartoonii irratti qiyyaafannaa shaakalaniitti waan ajjeefame fakkaata," jedhu. Kitilaa Guddataa haadha warraa fi ijoollee isaa lama waliin Bakka reeffi Kitilaa argame sanatti reeffi namoota biroo lama kan booda maqaan isaanii Gaaddisaa Alamaayyoo fi Biraanuu Gabayyoo akka ta'e adda baafame waliin argamuus himan. Lamaanuu jiraattota magaalaa Saqalaa yoo ta'an, Gaaddisaan namni ganna 43 waardiyyaa waajjira bulchiinsa Aanaa kan turan, namni ganna 38 Biraanuun ammoo hojjetaa humnaa akka turan himu namni kun. Barsiisaa Kitilaan maaliif akka ajjeefaman hin beeknu, qaamni dhufee badiin isaa kana nuun jedhes hin agarre jedhu maatiin. Amma dura sababa ABO deeggarta jedhuun irra deddeebiin hidhamaa akka turellee himu. 'Maaliif ajjeesuu akka filatan wanti beeknu hin jiru' Ajjeechaawwan kunneen iddoo humnooti mootummaa hidhattootaan lolaa jiran qofatti kan daangeffame miti. Guyyaa barsiisaa Kitilaan mana isaatii qabame bariitu Jimaata, Sadaasa 20 iddoo sochiin hidhattootaa badaa hin mul'anne Ambottis waan wal fakkaataatu ta'e. Galaanaa Immaanaa kan umuriin isaa mana 40 keessa akka ta'u maatiin tilmaaman miseensota humna addaa hanga 20 ta'aniin halkan naannoo sa'aatii 4 mana isaatii qabamee fudhatamuu himu maatiin. Abbaa ijoollee lamaa kan ture Galaanaan hojii dhunfaa hojjetee maatii isaa bulchaa ture jetti BBC'n kan dubbiseen obboleettiin quxisuu isaa Caaltuu Immaanaa. Isheen kan jiraattu naannawa magaalaa Finfinnee ta'uu kan himtu Caaltuun, Jimaata qabamuu isaa erga dhageesseen booda, Sanbata gara Amboo imalte. Guyyoota lama itti aanan boqonnaa malee manneen hidhaa fi waajjiraalee poolisii magaalaa Amboo keessa barbaadaa oolanis argachuu hin dandeenye. "Dilbata gara kaampii poolisoota humna addaa Sanqallee jiru deemeen nama karra gubbaa ture, itti booyee kadhadhe. Maqaa erga na gaafatee booda, hin argattanii hin barbaadinaa," naan jedhee jetti. "Galaanaan leenjiif bakka biraatti ergamuu isaafi eessa akka ta'e yeroo murtaa'e booda bilbilaan maatiitti akka himamu natti hime," jetti. Wiixata Sadaasa 23 Galaanaan ajjeefamuu isaa marsaalee hawaasaa irratti odeeffamuu eegale jetti Caaltuun. "Durumas namni tokko ajjeefamee argameera oduu jedhu dhagahaa turre. Nuti garuu poolisiin akka hidhame waan beeknuuf oduu namni ajjeefame jedhuuf xiyyeeffannaa hin kennine," jetti. Galaanaa Immaanaa abbaa ijoollee lamaa ture Kibxata gara waajjira poolisii Aanaa Amboo deemuun waa'ee nama ajjeefame jedhame yoo gaafatan - poolisiin nama qarqara laga Daabisitti ajjeefame tokko kaasee awwaaluu isaa dhagahan. "Suuraa fi wayita qabamee ture uffata akkamii uffatee akka ture erga nu gaafatanii itti himnee booda, isa ta'uu nuuf mirkaneessan. Rasaasaan rukutamee akka du'eefi qarqara laga Dabbisii eeruu uummataan akka argame, odeeffannoon waa'ee maatii isaa ibsu waliin argame waan hin turreef poolisiin akka awwaale nutti himani," jetti. Reeffa baasanii fudhachuun adeemsa hedduu waan qabuuf galanii bakka reeffi isaa hin jirretti akka boochifatan akka itti himames himti Caaltuun. "Nuti kan beeknu qabamuu isaa qofa ture. Yakki isaa maal akka ta'e, seeratti dhiyeessuu caalaa maaliif ajjeesuu akka filatan wanti beeknu hin jirus," jetti. Galaanaan deeggaaraa ABO ture. Bara 2018 wayita ABO'n gara biyyaa deebi'u miseensa koree simannaa akka tures Caaltuun BBC'tti himteetti. 'Jiraattota gatii qaalii kafalchiisaa jira' Qondaalota komiishinii poolisii Oromiyaa irraa waa'ee ajjeechaawwan kanneenii deebii argachuuf irra deddeebiin yaaliin goone hin milkoofne. Haa ta'uutii dhimmicha irratti kan dubbisne dubbi himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa, ''maqaa Shaneetiin namni akka hin miidhamne kallattiin kaahamee hojjetamaa jiraa'' jedhan. ''Yakki isaanii kan beekamuu fi kan uummatni shakkee saaxileen alatti tarkaanfiin akka hin fudhatamne kallattiin ifa ta'e kennameeti kan hojjetamaa jiru'' jedhan. Ajjeechaa nama nagaa irratti raawwatame quba hin qabu kan jedhan Obbo Getaachoon "caasaan nageenyaas, caasaan mootummaas badii geessiseera taanaan itti gaafatama" jedhan. Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Sadaasa keessa qofa ajjeechaawwan humnoota nageenyaa mootummaan Oromiyaa keessatti raawwatan 12 galmeessuu BBCtti hima. Miseensota haarawa humna addaa poolisii Oromiyaa leenjiirra jiran Ajjeechaa Onkoloolessa 23 magaalaa Naqamteetti dargaggoota shan irratti raawwate dabalatee ajjeechaawwan raawwataman garii qorachaa akka jirus komishinichi ibseera. "Akka komishiniitti wanti hubanne wal-dhibdeen siyaasaa Oromiyaa keessa jiru, lammilee nagaa gatii qaalii kafalchiisaa akka jirudha" jedhu gorsaan komishinara komishinichaa Obbo Imaad Abdulfattaa. Lammileen nagaa qaamolee mootummaanis hidhattootaanis ajjeefamuu yaadachiisanii, ammatti 'baay'ee nu yaachisa' jedhan. BBC'n jiraattota Godina Horro Guduruu aanaa Abbaay Coomman lama kan Mudde 08 hidhattoonni namoota nagaa 7 ajjeessuu dubbatan haasofsiiseera. Jiraattonni nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii hin ibsamne kunneen, Kibxata galgala sagalee guddistuudhaan walgahii hatattamaaf akka bahan ajajamuu dubbatu. "Nama saddeet ta'u, rifeensi isaanii dheeraadha, fuula isaaniittu wayyaa maratanii turan. Amaara warri taatan ka'aa jedhan. Dura nama lama qofa ture kan ka'e, booda warri kaanis sodaatanii ka'an." "Warri kaan galaa jedhanii warra ka'an fudhatanii deeman. Ni gadhiisu jennee eegaa turre. Ganama namni 7 bakka tokkotti ajjeefamanii agarre, sadi ammoo madaa'anii yaalamaa jiru," jedhu jiraataan kun. Taatee biraatiin achuma godina Horro Guduruu Aanaa Amuruutti namoonni 14 hidhattootaan ajjeefamuu Obbo Geetaachoo Baalchaa BBC'tti himaniiru. 'Baankiin saamame, ambulaansiin gubate' Erga yeroo dhiyoo as haleellaan hidhattootaan Godina Horro Guduruu keessatti raawwatamaa hammaateera, hedduus hin gabaafamne. Jalqaba baatii kanaa hidhattoonni baankii lama kan ganda Hagamsaa jedhamtu dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamtu keessa jiran saamuu jiraattonni fi hojjetaan baankii tokko BBC'tti himeera. Sababa kanaanis bulchiinsi magaalaa Shaambuu guyyaa tokkoo oliif tajaajila baankii adda kutee ture. Hangi maallaqa saamamee hin beekamu. Dabalataan ambulaansiin dubartii deessuu gara buufata fayyaa geessaa turte akkasumas konkolaataan geejjibaa dhuunfaa biroo tokko hidhattootaan dhiyeenya magaalaa Shaambuutti abiddaan gubachuu jiraattonni ni himu. "Osoo minibaasiitti abidda hin qabsiisin imaltootarraa bilbila moobaayilii fi maallaqa guurratan," jedhan jiraataan magaalaa Shaambuu tokko. Haleellaa biroo konkolaataa geejjibaa gara Finfinnee imalaa ture tokko irratti hidhattootaan raawwatame hordofuun geejjibni gara Finfinnee guyyoota muraasaaf adda citee akka tures jiraattonni ni himu. Gama kaaniin lubni mana amantaa haarawa dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamu tokko keessa tajaajilan tokko Mudde 17 hidhattootaan ajjeefamu hojjetaan warshichaa tokko BBC'tti himeera. Ajjeechaawwan kunneen maaliif akka raawwataman wanti beekamu hin jiru. Qondaalonni mootummaa kan ofii isaanii qiyyaafannaa hidhattootaa keessa jiran odeeffannoo kennuuf hin argamani. Torbee darbe naannoo warshaa shukkaaraa Finca'aa dhukaasni hidhattootaa fi humnoota mootummaa jidduutti akka ta'e amanamu dhagaahamaa turuu himu jiraattonni. Mootummaan irra deddeebiin hidhattoota 'ABO-Shanee' ittiin jedhu baankii saamuu, qondaalota mootummaa fi lammiilee nagaa ajjeesuun himata. TPLF irraa ergamaa fi deeggarsa maallaqaa fudhachuun biyyaa gooluuf socho'u jedhee yakka. Hidhattooti kun waan mootummaan ittiin isaan himatu ni waakkatu. 'Diina uummataati' Akka mootummaan jedhutti lolli Tigraay eegaluu guyyoota sadiin dura haleellaa hidhattoonni kunneen Lixa Wallagaa, Gullisootti raawwataniin yoo xiqqaate namootni nagaa 34 walgahiif waamamanii ajjeefamaniiru. Kanneen lubbuun haleellaa kanarraa hafan akka jedhanitti haleellaan kun dhalattoota Amaaraa naannicha qubatan irratti xiyyeeffate. Jiraattonni akka jedhanitti loltoonni raayyaa ittisaa achi turan tasa naannicha gadi dhiisanii bahuun isaanii haleellaaf isaan saaxileera. Poolisiin Oromiyaa ibsa Sadaasa 18 baaseen haleellaa haaloo bahumsaatiin hidhattoota ajjeechaa kana raawwatan 142 ajjeesuu beeksise. Lakkoofsi hidhattoota mootummaan yeroo adda addaa akka ajjeese himu salphaa miti, haa ta'u malee lolli hidhattoota waliin taasifamu xumura godhachuuf fagoo jira. Guraandhala bara darbe BBC waliin gaaffii fi deebii kan taasisan itti aanaa Itaamaazhuur Shuumiin yeroosi fi Itaamaazhuur Shuumiin Raayyaa Ittisaa ammaa jeneraal Birhaanuu Juulaa, tarkaanfii fudhatameen 'hidhattoota muraasatu hafe' jedhanii turan. Lixa Oromiyaa iddoowwan muraasa qofatti akka hafan, Gujii lamaan guutummaati hidhattootarraa bilisa gochuu fi Boorana keessaas bahanii gara daangaa Keeniyaatti baqachuu himanii turan. Haa ta'u malee ergasii hidhattoonni kunneen argama isaanii gara Jiddugaleessaa fi Baha Oromiyaatti babal'isaanii jiru. Iddoowwan kanneenitti mootummaan irra deddeebiin qaamolee kanarratti tarkaanfii fudhachuu hima. Booranatti mucaan xiqqaa horii tiksu hidhattootaan ajjeefamuu hordofee, Abbaan Gadaa Kura Jaarsoo 'ABO-Shaneen diina uummataati' jechuun labsaniiru. Abbaa Gadaa Kuraan akka jedhanitti hidhattoonni kunneen yeroo dheeraaf kan keessa socho'aa turan naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaatti namoota nagaa ajjeesuu, dubartoota gudeeduu fi loon saamuun uummataaf gamsiisan. MM Abiy Mudde 09 wayita gara Keeniyaa imaluun Mooyyaleetti buufata daangaa biyyoota lamaan jidduu jiru eebbisiisan hidhattoota kana al-Shabaab waliin maqaa dhahan. Biyyoonni lamaan jireenya uummataa jijjiiruuf 'ABO-Shanee' fi al-Shabaab naannoo sanaa dhabamsiisuu qabu jedhan.
oduu-48211401
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48211401
Gaazexeessaan BBC Danny Baker daa'ima maatii moototaatti qoose hojiirraa ari'atame
Oduu dhiyeessaan BBC sagantaa Raadiyoo 5 Danny Baker, waa'ee daa'ima maatii moototaa Harii fi Megaan kan tibbana dhalate waan isarraa hin eegamnee fi bifa adaba hin qabneen fuula Twiitara isaarratti waan barreesseef hojiirraa ari'atame.
Xumura maxxansa Twitter, 1 Ergaan Twiitara isaa irratti barreessee ture amma haqamus, miidiyaa hawaasummaarra hedduu naanna'aa waan tureef hojii dhabu isa hinolchine. Daa'ima dhiyoo dhalatte jaldeessa chimpaanziitti fakkeessuun haati fi abbaan of gidduutti harka qabatanii wayita deeman: ''Daa'imni maatii moototaa hospitaalaa ba'e,'' jechuun barreesse. Gaazexeessaa Danny Baker maatii moototaatti qoosuu isaatiin himatame. ''Ammaan tana sagantaa @bbc5live keessaa ari'ameera," jedhe Baker. Dubbi Himaan BBC: ''kun murtee dogoggoraa duudhaa nuti akka dhaabbataatti qabnu faallessuudha. Daaniin nama jabaa ture garuu kana booda hojii kanarratti hin hirmaatu'' jedhan. Harii fi Megaan Roobii kaleessaa daa'ima dhiyoo godhataniif maqaa Archie Harrison Mountbatten-Windsor jechuun baasan. Suuraa daa'ima maatii moototaa jaldeessa Chimpaanzii fakkeessee twiitara isaarratti erga gadi dhiisee booda dhiifama gaafateera Baker. Namni umurii waggaa 61 kun hordoftoota twiitara isaa miiliyoona walakkaadhaan ergaa kana ga'eera.
oduu-54375196
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54375196
Looreet Tsaggaayee Gabramadihiniif Oromummaa fi Itoophiyummaan waliif maali?
Yeroo walaloo katabu, tiyaatira yoo qopheessu waan garaasaa jechoota halluu dibee bareechee dhiyeessa, waa'ee sabaa, waa'ee biyyaa, waa'ee lagaa, waa'ee qaroominaa, dimshaashatti dhugaa ofii itti amane sookoo fi soorgoon ifatti baasa.
Xiinxalli isaa gadi fagoo, nuuressi isaa fugugiin gama dha. Haa tahu malee innumtiyyuu ofii isaa icciitii ogummaan maramee dhalootni isa leellisu dha, jechuun maqaaTsaggaayee Gabiramadihiin kan ukukkubsan warreen dhiyootti isa beekan qofa miti ; warreen hojiiwwan isaa jaalalaan dubbisanii,jaalalaan mi'eefatan malee. Kitaaba walaloo beekamaa 'Isaat way Ababa,' dabalatee hojiiwwan tiyaatiraa 'Haa Huu Be Sidist War...' Innaat Alam Xannuu yoo barreessu Haamleetii fi Maakbeez immoo barreessaa beekamaa Wiiliyaam Sheekspiir irraa gara Afaan Amaaraatti hiikeera. Hojiiwwan isaa hog-barruu kunneen Tsaggaayeen ejjennoo inni jaalala biyyaa, sabboonummaa fi eenyummaa waan himan qabu? Ogeessa kanaaf Itoophiyummaafi Oromummaan maal walii turan laata? Obbo Miikaa'eel Shifarraaw ogummaan isaa Arkiteektii yoo tahu ''Tsaggaayee jaalalaanan dinqisiifadha'' jedha, kitaaba hojii og-barruu Tseggaayee keessaa isa tokko xiinxaluun kitaaba maxxanseera. Kitaabichi 'Mistirenyaaw Baale Qinee' jedhama. Tsaggaayeen sookoo fi soorgoon yookiin fakkeenyaan barreessa gatii taheef namni waan inni jedhu hubataa hin turre jedha Mikaa'el. Tiyaatira isaa bara gara boodaarra barreesse 'Haa Huu Be Sidist War...' boqonnaa boqonnaa dhaan hiika kennuu yaaleera jedha. Kana malees, Wiirtuu Yaadannoo Tsaggaayee Gabiramadihiiniif Yunivarsiitii Ambootti ijaaramaa jiruuf dizaayiinii wiirtuu kanaarratti tolaan tajaajilaa jira. ''Dhugaa namni dhuunfatu hin jiru'' ''Tsaggaayeen waa'ee dhimma tokkoo mirkanaan hin dubbatu, akka gareettis hin yaadu. Dhugaa sabboonummaa Itoophiyummaa fi Oromummaa keessaa baheetu dhugaa isa caalu nutti agarsiisu yaala.'' Jedha Mikaa'el. Tiyaatira inni xiinxale keessatti namoonni lama harkaa fi miilli isaanii walitti guduunfameetu jalqaba. Kun 'ilmaan haadha tokkoo' tahuusaanii mallattoon haa agarsiisuyyuu malee, yerooma sana immoo deebi'anii wal-loluu jalqabu jedha. ''Wal hin ilaaltanii, wal hin dhaggeeffattani malee dhugaan iddoo tokko qofa hin jirtu jedhee warreen bara sana ejjennoo siyaasaa isaaniif wal lolanitti hima ture'' jedha. Haata'u malee Tsaggaayeen ''kuni miidheera, sun miidhameera jechuun furmaata kennuuf hin yaalu,'' jedha. Inumaayyuu Tsaggaayeen uummata kanaaf furmaata jedhee kan yaadu, ''dammaquu,ilaaluu baruu dha.'' jedha. Gareen inni tokko waa'ee isa kaanii baruu, qorachuu yoo yaale ifa keessatti wal argu,'' dammaquu jechuun Tsaggaayeedhaaf seenaa keenya baruu, of beekuufi beekumsi bareerra jennu hir'uu akka tahe baruu dha jedha. Tseggaayee Gabiramadihiin eenyu? Tseggaayeen magaalaa Amboo, bakka Boodaa jedhamutti dhalatee yeroo weerara Xaaliyaanii haati isaa baqataniitu gara iddoo Goromtii jedhamtutti abbaa isaa waliin deeman jedha Mikaa'el kitaaba yoo barreessu waan qo'aterraa. Abbaan isaa Oromoo Maccaa yoo tahan, haati isaa immoo Amaara naannoo Ankoobar dha. ''Haadha isaa Aadde Ballaxach Taayyee abbaansaa Finfinneerraa Amboo fudhatee, achi yoo jiraattu jaalalaan jiraatti ture,'' jedha Mikaa'el. Obboleettii Abbaasaa Aadde Argattuu waliin immoo michooma cimaa qabu ture. Aadde Ballaxach mucaa dhiiraa argachuuf bataskaana Aabboof 'silata' galchitee yoo Waaqa kadhattu, Aadde Argattuun amantiinshee Waaqeffannaa tahus waliin Waaqa kadhatti ture, jedhu Obbo Mikaa'el. Tsaggaayee Gabramadihin Afaan Oromootiin 'afaan hiikkate' Tsaggaayyeen Afaan Oromootiin afaan hiike. Boodammoo yeroo weerara Xaaliyaanii obboloota haadhasaa baqatanii Goromtii dhufanirraa 'Gi'iizii' barate. Abbaan isaa immoo mana barnootaa idilee isa galchan, boodarra mana barnootaa Generaal Wiingeetitti Afaan Ingiliizii isa barreessaan beekamaa Wiliyaam Sheekispiir dubbatu qara'e. ''Abbaansaa muudama haatisaa immoo mucaa wareegaa gatii taheef lubummaa hawwuufi ture.'' Kanaaf eenyummaan nama kanaa sadarkaa biyyaatti takkaa wal-jaalachaa, takkaa wal-morkachaati yoo jiraatan ni argina jedha barreessichi. Hawwii haadhasaa guutuuf nama amantii tahuuf yoo yaalu luboota waliin oola, achii dhiisee immoo,qondaalota bira dhaqee achumaan badee hin badu; waan itti mul'ate deebi'ee gaafa barreessu hidhamaa, hojiinsaas jalaa ugguramaa ture jedhu Obbo Mikaa'el. Dhugaa waa'ee biyyaa baruu barbaadus, alaa otoo hin taane Tsaggaayeen of keessaati argachuuf dhama'a ture jedha. ''Itoophiyaa gargar qooduun dhiiga kan koo dhangalaasuu dha,'' jedha ture jedha Mikaa'el. ''Namni kun Itoophiyummaan ol fagaatee haa deemuyyuu malee, lammii addunyaa hojiiwwan Wiiliyaam Sheekispiir Afaan Ingilizii ulfaataafi wal-xaxaan barreefaman hiikus, Itoophiyummaa isaa qorachaa jiraate. Oromummaan isaafi Amaarummaan isaa walitti bu'ee isa hin burjaajessu ture; inumaayyuu gara ogummaa fi qorannootti geeddara malee jedha. Haata'u malee loogii fi haqni jallachuu calluma jedhee bira hin darbu ture jedha Mikaa'el. ''Fakkeenyaaf hojiinsaa 'yidires la wondimee lamittaaqany lamaalaaqih' jedhu waa'ee cunqursaa sab-lammiiwwaniiti odeessa ture. Looreetichi sabboonaadhaa? Yunivarsiitii NoorzWeestarn, Meniisootaatti piroofeesara gargaaraa Og-barruu kan tahan Doktar Tafarii Nigusee immoo gama isaan Tsaggaayee Gabiramadihiin nama 'sabboonummaa Paan Afrikaanii leellisudha' jedha. ''Ilaalchi isaa falaasamaafi hundee uummata gurraachaarraa kan madduudha'' jedha. Oromummaa isaa yoo ilaalle,''Oromoon saboota Kuush keessaa tokko jedheetu amana, sabooti kunneen immoo qaroomina gurraachaa warreen jalqabaniidha jedhee yaada.'' 'Itoophiyummaan inni leellisu illee kan Oromoon barbaadu sani, kunis barreefamoota isaa keessatti mul'ateera'' jedha. Kitaaba walaloo 'Isaat way Ababaa' jedhu keessatti, ''Ateetee dubra Oromoo, Be ine innaa baanchi mahaal agul silixxaanee qomoo...,''walaloon kun ergaa 'namoonni baranne baranne jedhanii of jijjiran, attamiin of gananiifi uummata cunqursan ibsa,' jedha Tafariin. Karaa Tiyaatira isaallee qonnaan bulaan abbaa lafaatiin miidhamaa ture gad-fageenyaan agarsiiseera. Baay'inaan Afaan Oromootiin hin barreessine jechuun 'sabboonaa miti' jechuu miti jedha. Sababiinsaa immoo yaadni inni akkatti Oromoon addunyaatti beeksifamuu qabu jedhee yaadutu sabboonaa isa taasisa jedha Tafariin. Fakkeenyaaf tiyaatirri isaa afaan Ingiliiziin barreefame 'Oda Oak Oracale' jedhu yeroo sanatti mallattoo uummata Oromoo Odaa fayyadamuunsaa sabboonummaa isaa agarsiisa jedha. ''Bara inni jiraate keessa mootoliin nuti sanyii Solomoon irraa dhufne yoo jedhanillee inni nama gurraachummaatti ciche ture,'' jedha Dr Tafariin. Hojiiwwan isaa Adwaa, Tewoodiroos jedhanillee daawwiitii gurraachumaatiin kan faarfamani dha jedha barsiisaa Tafariin. Kanaaf Tsaggaayeen aartii ogummaaf qofa osoo hin taane aadaa uummataa calaqqisiisuuf itti fayyadameera jedha. ''Namoonni tokko tokko sabbonummaa Oromoo jechuun Itoophiyaa jibbuu itti fakkaachuu danda'a. Tsaggaayeen garuu Oromummaasaa jaalachuun sabboonaa isa taasisa,'' jedha. Tseggaayee Gabiramadihiin bara 1998tti isaaf lammii Itoophiyaa tahuun maal jechuu akka tahe barruulee 'Ethiopian Review' irratti akkas jedhee ture. ''Itoophiyummaan anaaf nama seenaa, qaroomaafi aadaa Afrikaa hubatu jechuu dha. Kana qofaas miti; qaroomina addunyaa, aadaa, wal-qixxummaafi obbolummaa dhala namaa addunyaatti kan amanuudha. Seenaan Afrikaa durii, seenaa Itoophiyaati. Ammallee kun hin geeddaramu. Kanaaf akkuma nuti barumsaaf Ameerikaa deemnu isaanis nurraa barachuuf dhufuu qabu. Barachuudhaaf of tuulummaa isaanii dhiisanii, lasummaadhaan lafa akaakilee isaaniirra barachuu qabu,'' anaaf Itoophiyummaan kana jedheetu ture.
oduu-56466790
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56466790
Lola Tigraay: 'Lolli waan dhaabbate fakkaatus laalaan isaa waggootaaf nu waliin tura'- Baqattoota
Erga Sadaasa darbe lolli naannoo Tigraay keessatti mudatee as miidiyaafi dhaabileen gargaarsaa garas imaluun daangeffamee ture. Gaazexeessaan BBC Qaalkidaan Yibalxaal dhumarratti gara naannochaa imaluu danda'eera, rakkoo hamaa lammiileen keessa jiran waan arge akkanaan qindeesseera.
Daa'ima waggaa ja'aa, Betelihem, kan sababa waraanaan lukashee lamaan dhabde Jiraattonni magaalaa Shiree fi naannooshee guyyaa guyyaan qe'eerraa buqqa'uu, maatiin manca'uufi rakkoo nageenyaatu isaan mudata. Daa'imni umrii waggaa ja'aa Betelihem Tasfaayee, kan naannawa magaalaa Aksuum irraa baqatte waraana keessatti lukashee/miillashee lamaan dhabde. Harmeenshee waraana sana keessatti ajjeefaman. Madaa daa'imasaa waliin kan rakkataa ture abbaan Betelihem amma luka namtolchee tolchuufiitu irraa eegama, garuu akkamiin akka argatu hin beeku. Naannoo Tigraay kutaalee hunda keessatti daafiin waraanaa kun goolama hamaa, dhiittaa mirga namoomaafi buqqaatii lammiilee hedduu uumeera, magaalaan Shirees miidhama kana qooddatteetti. Jiraattonni magaalattii 170,000 ta'an dararaa hamaa argaa jiru. Kana malees namoonni hedduun gara magaalattiitti baqachaa turan, garuu magaalattiin ammoo baqattoota simachuuf hin qophoofne. Manneen barnootaafi yuniversitiin magaalattii bakka da'oo baqattoota hedduu ta'aniiru. Yeroo ammaa baqattoonni 200,000 ta'an da'oo kanneen keessatti argamu jedhu dhaabbileen gargaarsaa. Hedduunsaanii ammoo dubartootaafi daa'immani. Hedduunsaanii Sadaasa keessa kan baqatan yoo ta'u, kan irraa baqatanis kutaalee kibbaa fi kibba lixa Tigraay kanneen waraanaan daran miidhaman keessaati. Waldhibdee Ministira Muummee Abiy Ahmad fi qondaltota TPLF gidduutti cimaa turetu boodarra gara tarkaanfii waraanaatti ce'ee rakkoo kana uume. Sadaasa darbe keessa Ministirri Muummee Abiy mooraan waraanaa kaaba biyyattii TPLF'n haleelameera jechuun erga tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu labsanii lolli kutaalee naannochaa garaagaraa keessatti babal'ate. Humnoonni adda addaas dirree lolaa garaagaraatiin itti hirmaachuu eegalan. Karaa kibbaa fi kibba lixaan humni addaa naannoo Amaaraa loltoota mootummaa federaalaa cinaa hiriiruun TPLF haleeluu eegalan. Harmeen umrii waggaa 65 Atsedee Mabraatoom gocha suukanneeaa fi rifaasisaa tibba waraanaa sana ture dubbatu. Aadde Atsedeen magaalaa Daanshaa keessaa ijoolleeshee waliin jiraachaa turte. Lola naannoo Tigraayiin namoonni buqqa'an haala akkamii keessa jiru? Aadde Atsedeen yeroo ammaa ijoolleesaanii dubaraa, abbaa manaa isaanii fi ijoollee akkawoo isaanii waliin iddoo da'annaa magaalaa Shiree keessa jiraatu. Jalqaba wayita harkasaanii qullaa manaa ba'an eessa akka deeman hin beekan ture, jiruunsaanii garamitti akka deemus hin beekan. "Boqonnaa hin qabnu. Beelaafi dheebuun gidiramne. Daabboo cabduu kadhannee ijoollee keenyaaf kennaa turre. Bishaan kadhannee daa'imman keenya obaasna,'' jedhan. Wayita baqaaf karaarra turanitti reenfa namaa osoo hin awwaalamin karaarratti gatame hedduu argaa akk turan kan himan Aadde Atsedeen, kun yoomuu sammuu keessaa akka isaan hin badne dubbatan. ''Gammaduu baannus garuu lubbuun jirra. Guyyaan dhufee darba, lubbuun jiraachuun keenya carraadha,'' Namoota mooraa kana keessatti da'atanii jiraniif gargaarsa kennamaa jira, garuu namoonni ammoo ga'aa miti jedhu. Erga mootummaan paartii TPLF'n durfamu aangoorraa buufamee bulchiinsi yeroo mootummaa federaalaan hundaa'ee naannocha bulchaa jira. Akka bulchiinsi kun jedhutti namoonni miiliyoona afur ta'an deggersa barbaadu. Miiliyoona tokko kan caalan ammoo qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru. Dubbi himtuun mootummaa yeroo naannoo Tigraay Iteenash Nugusee, arjoomtonniifi dhaabbileen gargaarsaa hundinuu deggersa isaanii cimsuu qabu jette. Hawaasi idil-addunyaa dhaabbileen gargaarsaafi qorattoonni walabaa gufuu tokko malee gara naannochaa akka seenan gaafachaa turan. ''Yeroo ammaa dhaabbileen gargaarsa kennan seenanii uummata gargaaruu danda'u. Amma yeroosaati,'' jette Iteenash. Rakkoon haganaa magaalaa Shireetti baqattootarra ga'aa jiruu ammas namoonni dbalataan gara magaalattiitti godaanaa jiru. Gaazexeessaan BBC Qaalkidaan Yibalxaal namoonni hedduun konkolaattota gurguddaa irratti fe'amanii, kaansaanii ammoo lukaan gara magaalaa Shiree wayita imalan arguu dubbata. Mootummaan federaalaa naannoo Tigraay to'achuu himus ammallee garuu nageenyi naannichaa amansiisaa miti, namoonnis kanaaf godaanuu itti fufan. Dhukaasiifi haleellaan ammallee bakka tokko tokko akka jiru jiraattonni ni himu. Labsiin yeroo muddamaa tibba waraanaa labsame ammallee ni jira; yeroon sochii akkuma daangeffametti jira; sakatta'iinsi bakkaa bakkatti jira. Garuu hagam takka waraanni dhaabbatullee, madoonsaa garuu irraa fayyuuf waggoota kan fudhatuudha; jiraattonni hedduun madaan kun yoomuu nu keessaa hin ba'u jedhu.
oduu-49678096
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49678096
Aadde Azeb Masfin: 'Gara caalu soorama Mallasif kennamun of jiraachisaa ture'
Aadde Azeb Masfin qabsooftuu gammeettii ABUT fi haadha warraa MM duraanii Mallas Zeenaawwiiti. Giifti Duree yeroo turanitti dura teessuu dhaabbata Waldaa Tigiraay Deebisanii Misoomsuu (EFFORT) turan.
Erga abbaan warraa isaanii Obbo Mallas boqotanii immoo hundeessituu fi walitti qabduu boordii Faawundeeshinii Mallas tahuun hojjechaa jiru. Giifti Duree yeroo turanitti namoota dhibee sammuu qaban gargaaruuf hojii hojjechaa turaniin akka hedduu boonan dubbatu. Dhaabbilee kaan waliin tahuun hojii baay'ee akka hojjechaa turan himanii isaan keessaa Federeeshinii Dubartoota Itiyoophiyaan kan hundaa'e ''Gidduugala Gullit' '[Dhaabbata dubartoota daandii irratti daldalan deeggaru] yaadicha maddisiisuutii hanga xumuraatti shoora ol-aanaa akka bahaa turan yaadatu. Hojiin isaanii inni guddaan ammoo kan paartiin isaanii itti kenne akka tahes himan. ''Hojiin itti of ceepha'u osoo hin hojjetiin, hojii gaarii qofa hojjedhee bahuukootti nan boona, namni waan barbaade yoo jedhes,'' jedhan. Hiyyummaa irratti hojiiwwan hojjedhe hundinuu gaariidha jedheen amana jedhan. Abbaan warraa isaanii MM duraanii erga du'aan boqotanii Hagayyi darbe waggaa 7ffaa isaaniiti. Haa tahu malee Aadde Azeb Masfin waggoota darban keessa maal hojjechaa turan? Amma hoo maal hojjechaa jiru?Ayyaana waggaa haaraa sababeeffachuun gaaffiif deebii waliin taasisneerra. Eessa jiraatu: Namootni baay'een biyya keessa hin jirtu anaan jedhu. Al takka takka bahee kanan deebi'uun ala Finfinneen jiraachaa jira. Erga abbaan warraa keessan Obbo Mallas du'anii masaraa mootummaa dhaqxanii beektuu? Yeroo baay'ee deemee hin beeku. Miseensa Koree hojii raawwachiftuu yeroon turetti guyyaa tokkoof lama waajjira Ministira Muummee deemee beeka. Walgahiinis achumatti waan gaggeeffamuuf. Kanaan ala garuu hin deemne. Deemuus hin barbaadu. Bara bulchiinsa Abiy Ahimed jechuudhaa? Eyyee! Dhiyoo kana walgahiif waanan deeme natti fakkaata. Garuu yeroo baay'ee hin deemne. Masaraa mootummaa keessa waggoota dheeraaf ijoollee keessan waliin waan jiraachaa turtaniif hin yaadnee? [Callisa]... Gaafan achiin darbu illee homaa natti hin fakkaatu. Sababni isaas achiibaafamuu koo irrattii.....Mallasiin awwaaleen bahe waan taheef. Isa irratti ammoo masaraa mootummaa keessa hojiin nuuf kennameeti kan akka qabsaa'otaatti jiraanne. Masaraa mootummaa keessaa Mallasiin awwaalleen baha jedhee yaadee hin beeku. Lamaan keenya waliin baanee akkuma lammii Itiyoophiyaa tokkotti bilisa taanee sochoonee guyyaa itti waliin jiraannu yaadaan ture. Anillee nan deddeema ture. Mallas garuu yeroo itti sosocho'u hin arganne ture. Achumatti akka hidhamee taa'etti achumatti awwalee bahuun koo na gaddisiisa. Masaraa Mootummaa caalaa Bataskaana Sillaasee gafan seenu natti dhagahama. Masaraa mootummaa gaafan ilaalu sa'aatii Mallasiin awwaalee deebi'e sana qofan yaadadha. Maaliif akka tahe beekuu baadhus inni kaan sammuukoottiyyuu hin dhufu. Aadde reeffi MM duraanii Mallas Zenaawwii yeroo buufata xiyyaaraa Boolee gahetti Iyyi ... reeffi isaa yeroo bahuu fi fudhee galu....naasuun isaa! Dhuma irrattis achi keessa yeroo baanu rakkoo guddaatu ture. Kana kanatu akkan hin yaadanne na godhe natti fakkaata. Erga abbaan warraa keessan du'anii waggaa torba guuteera. Ergasii maal hojjechaa turtan? Hojii paartii irra miti kanan jiru. Ofiikoofi ijoolleekoo waanan ittiin jiraachisu qajeelchuufan kufee ka'aa ture. Dabalataan hojii abbaa manaakoo itti fufsiisuuf, barreeffamoota isaas maxxansiisuuf ragaalee gargaaran hundan qindeessaa ture. Galii ittiin jiraattan argachuuf maal hojjechaa jirtu? Daldalatti seenuuf yaadaan jira. Akkamiin akka hojjetamu, maallaqa ittiin jalqabuufi akkamiin argachuu akka danda'u irratti ykn namoota waliin tahuun hojjechuuf...hanga ammaatti dhaabbilee garaagaraa waliin mari'achaan ture. Paartiin koo hojii daldalaa irratti na ramadee hojjechaa waanan tureef dhuunfaakoof waanan hojjedhe hin qabu. Ummataafan hojjedhe. Umatatti dabarseen... namoota naharkaa fuudhu jedhamanitti dabarseen harka qullaakoo bahe. Irra caalaa kanan jiraachaa ture kaffaltii sooramaa Mallasiif kaffalamaa tureenidha. Maatii irraas asiis achiis .. jedheen jiraachaa ture. Ammaan booda garuu hojii dhuunfaakoon hojjedha. Miindaan sooramaa abbaa warraa keessanii hammami? Ji'atti naannoo Birrii 14,000 natti fakkaata. Mallas waliin bultoo dhaabdanii waggaa meeqa turtan? Eeyyee ABUT [TPLF] cidha guyyaa eeyyame irraa eegalee waggoota 25/26'f hanga guyyaa du'a isaatti waliin turre. Ijoollee sadii waliin qabna. Isheen tokko gammoojjii keessattidha kan dhalatte. Lamaan hafan ammoo Finfinneettin dahe. Waa'een isa tokkoo yeroo baay'ee namaaf hin galu. Kan isa dahu ana miti. Haadha qaba garuu kan hiriyyaa keenyaa du'aan boqatee Kinfee Gabremedindha kan guddisne. Ijoolleen keessan hunduu isin waliin jiraatu? Amma sagantaa du'a abbaa isaanii yaadachuuf nabira galanii turan. Tokko gara biyya alaa deemeera. Sadan isaanii garuu na waliin jiraatu. Egaa of danda'aa jiru. Eebbifamaniiru. Kan barumsa hin xumurres jiru. Barreeffamoota abbaa warraa keessan akka walitti qabaa turtan nutti himtaniittu. Hangam baay'atani jennaan waggaa hammanaa isin jalaa fudhate? Waggaa darbe beeksiseen ture. Kan ofi isaatii barreesse, inni barreessuun isaanii kan mirkanaa'e, kana dura maqaa paartiifi mootummaan bahaa kan turan dabalatee kitaabonni qixaa'an saddeet jiru. Walumaa gala garuu gara 30 ni ta'u. Kunneenis, haala yeroo darbe turen maxxansuurra ol kaa'utu gaariidha jennee ol keenye. Rakkoon bajataas nu qunname ture. Maallaqa qabnuufi kan arganne guutummaatti iddoo bashannanaa irratti waan baasneef nu hanqate. Inni waa'ee dimookiraasii barreesse dhihoo maxxanfama. Waa'ee qonnaafi kaan dhaloota dhufuf fayyadu jenne yaadnes yeroo dhihootti ni maxxanfamu. Keessumaa dandeetti inni mariiirratti qabu, dursee hubatuu isaa, akka inni wantoota xiinxaluufi kaan waggaa kana keessa maxxanfamu jedheen amana. Kanneen qixaa'an 8 yookiin 11 ni ta'u. Kanaaf, kitaabonni saddeet qixaa'aniiru jechaadhaa? Eeyyee. Dizaayinii xumuraa qofatu hafe. Lamaan garuu dizaayiniin isaanii waan xumuramef dhihootti maxxanfamu. Eessatti maxxanfamu? Vooliyuumii (jildiidhaan) waan eegalleef qolli isaa waan rakkisaa ta'ef hammi tokko alatti maxxanfama. Baay'een isaa immoo asumatti maxxanfame kanneen dubbisuu fedhan bira akka gahu goona. Walumaa gala kitaaba meeqa qabu? Walumaa gala, kan inni barreesse 30 olidha. Sanadootniinni qopheesse baay'eedha. Amma qorannoowwan isaa amma akka maxxanfaman kan hin feenes ni jiru. Kan Afaan Ingiliziin qophaa'aniifi gurguddaa ta'anis jiru. Amma garuu kan maxxanfamuf qophaa'an 8 dha. Kana sirreessuuf kan isin gargaaru eenyu? Intalli koo guddoo na waliin hojjetti. Isheen faawundeeshinii abbaashee waliin hojjetti. Kaan kan faawundeeshinii jalatti hojjetaman ni jiru. Sanadoota baay'ee ani waanan beekuf waggoota muraasa darban callisee adda baasaa kanin ture ana. Kan inni harka isaatin barreesse nabira waan turanif natu qindeessaa ture. Iddoo bashannanaa irrattis akka hojjetaa jirtan nutti himtaniittu. Maalirra gahe? Iddoon bashannanaa kuni tulluu Gullaalleerratti argama. Baay'ee guddaadha. Bal'ina isaa amma sirriitti hin yaadadhu. Garuu, mana kitaabaa, giddugala qorannoo, akkasumas kutaalee ciisichaa keessummoota qorannoof dhufanif dhihaate qaba. Galma walgahiifi bakkatti qilleensa fudhatan qaba. Gara caalu biqiltoota biyya keessaan uwwifame. Karaa namni irra deemuus seenaa akka ibsuf hojjetaman. Yeroo du'a isaa waggaa 7ffaa yaadachuuf sagantaan taasifame suuraan isaa darbe darbe kaa'ame ture. Ogeessota beekaniin dhalootaaf akka darbu itti yaadame kan hojjetamedha. Tokkon tokoon isaanii ergaa ofii qabu. Bareedinas qabu. Yoom banama? Dhihootti banama. Yoom akka ta'e garuu hin beekamu. Waan hundi erga qixaa'ee booda banuu barbaanne. Hojiilee kanneen hojjachuuf deggarsa qarshii eessaa argattan? Eega Mallas wareegame booda fawundeeshinii hundeessuuf biyyoota ollaarraa, naannoolee biyya keennaarra, mootummaan federaalaa fi kan biroos…maallaqni ummatarraa walitti qabamee ture. Maallaqa san guutummaatti gara kanatti fidne. Maallaqni gara maatii dhufe tokkollee hin jiru. Nuti wanti kuni akka hambaatti akka hafu barbaanneeti. Kanaafuu, ijaarsi isaas kanaaan xumuramaa jira. Baasiin kitaabichaas? Eeyye! Deegarsa godhame saniin. Akkawuntii mataasaa qaba fawundeeshinichi. Fawundeeshinichi immoo baasii hundasaa cufa jechuudha. Kunis immoo waggaa waggaadhaan odiitii godhama. Gaheen keessaan fawudeeshinii kana keessatti maal inni? Azeeb: Akkuma sitti himetti… wanni guddaan barreeffamoota Mallas bittinaa'anii jiran qopheessu ture. Dhaabni ABUT ana koreesaanii keessa na baasuun isaan anaaf carraa guddaa ture. Yeroo hin argadhu ture silaa. Itti yaaduus hin danda'u ture. Dursa kan kenneef; barreeffamoota ana bira jiran, kan yaaddadhuu fi bakka biraa jiran walitti qabuu ture. Gamaaggamni fi tarkaanfiin dhaaba ABUT garam deema jira? Waan kana qopheesse 'digitaalaayiz' godhuu fi namoota danda'aniif dabarsuu yeroo dhihoo kanatti xumure. Xiyyeeffannoon kiyya guddaan sanadoota Mallas qopheessuu; yeroo qopheessu immoo dubbisuuf carraa guddaa argadhe. Hojiin kiyya guddaan isa ture. Darbee darbees wantoota hojjadhu biroos turan. Isa kana waan goolabeef gara hojii biraatti ce'uu qaba jedhee yaada. Dhimmi giddugala dhukkubsatoota sammuu Gafarsaa hoo akkam ta'e? Yeroo san ijaarsa isaa xumurree furtuu isaa kenninee jira. Ministirri Fayyaa hospitaala Amaanu'eel waliin akka bulchu ture kan goone. Giddu galichi banamee akka hojjatuuf saayikaatiristoota hordooftoota amantaa kaatolikii ta'an 'biraazars' kan jedhaman akka tajaajilaniif biyya alaarra fidnee jirra. Waggoota afurii hanga shanii tajaajilanii jiru. Yeroo ammaa kanatti Ministeera Fayyaa jala jira. Gahee kiyya kan ture giddu galicha ijaarsasaa xumuree; giddugalicha gurmeessuu fi Ministeerri Fayyaa akka hordofu godhuu ture. Ammatti Ministeera Fayyaa jalatti tajaajila kennaa jira. Kaayyoon keessan inni fulduraa maal? Hojiin guddaan kiyya jedhee kan amanu bakka bashannanaa maqaa Mallasiitiin jiru xumuraa waan jiruuf ummataa banaa akka ta'u godhuudha. Kanaafi fi ijoollee kiyyarratti xiyyeeffachuu barbaada. Hojiilee dhuunfaa fi jireenya dhuunfaa kiyya waan ittiin bulchuu jalqabuu barbaada. Gama kamin kan jedhuu fi akkamitti kan jedhuuf yeroo xumuru kan ifa taasisu ta'a. Yeroo boqonnaa keessan akkamitti dabarsitu? Biqiltuu naan jaalladha. Yeroo kiyya abaaboo fi biqiloota waliin dabarsuu filadha. Mana kiyya nan jaalladha. Mana kiyyaan ala bakka biraa deemuu hin fedhu. Akka hojii baheen gara mana kiyyaati kan galu. Ispoortii, deemsa miilaa nan deema. Karaa dheeraa deema. Darbee darbee gaaras nan baha. Yeroo of qorachuu barbaadu nan baha. Gaara kam baatanii beektu? ee...Shiroo meedaa gara Inxooxxoo Maariyaam bahee beeka. Abbaan warraa keessan sirboota Asteer Awwaqe akka jaalatan yeroo dubbatan dhagenyeerra. Isin hoo? Dhiibbaa Mallas natti fakkaate Asteeriin baay'ee jaalladhaan. Albamiin ishee konkoolaataa kiyya keessaa bade hin beeku. Sirboota haarawa ishee nan dhaggeeffadha. Yeroo baay'ee sirboonni ishee waan jireenya dhuunfaa kiyya waliin walitti dhihaatuuf irra deddeebi'ee dhaggeeffadha. Sirboota Tigiriffaa biroos nan dhaggeeffadha. Sirboota kam fa'atu jireenya keessan waliin deema? Mee tokkoo lama nutti himaa? Mudannoo baay'eetu jiru... (Kolfa) fakkeenyaaf sirba yeroo tokko sirbite tokkotu jira. Waa'ee namaa kan sirbite tokko. Yeroo sanitti dhaaba ABUT keessatti wal qoodamiinsi ture. Inni kun mudannoo an mudate waliin kan waliin deemu ture. Galatoomaa! Galatoomaa isinis.
41965393
https://www.bbc.com/afaanoromoo/41965393
Somaaliilaand Guyyaa har'aa filannoo geggeessa jirti
Waggoota 25'iin dura Somaaliyaa irraa fottoquun mataa ishee Mootummaa Somaalilaand jette waamte, guyyaa har'aa yeroo shanaffaaf filannoo prezidaantii geggeessaa jirti.
Malaamaltummaa fi dogoggorsa sagalee kennamuu ittisuuf meeshaan qaroo ijaa qalbeeffatu ( Retina recognition) bakka sagaleen kennamu hundaatti hojii irra ooleera. Hojii-dhabduuman mata dureen rakko qabanitti - dargaggoonni %75 ta'an hojii hinqabani. Angaawoonni biyyatti akka abdatanitti, filannoon kun dhimma isaanii ilaalchisee haawaasa adduunyaa biratti fudhatama isaanii ol kaasa. Oduu dharaa ittisuun akka danda'amuufis angaawoonni Somaaliilaand miidiyaaleen hawwaasaa guyyaa guutuuf akka ugguraman gaafataniiru.
45141704
https://www.bbc.com/afaanoromoo/45141704
Somaalee: Komaandii poostii naannoo Somaaleetiif hundaa'e
Haala jeequnsa Naannoo Somaalee Itoophiyaatti tibbana umamee to'achuuf Ittisi biyyattii komaandii poostii poolisii federaalaa fi humna addaa Somaalee hundeessuun ibsame.
Kana malees guyyaa har'aatti komishinarri poolisiin naannichaa fi oggntoonni humnoota nagenyaa kan biroo bakka argamaniitti magaalaa Jigjigaatti marii taasifamuusaa Ajajjaa olaanaan Izii Kibba Bahaa Meejar Janaraal Balaay Siyuumiin eeruun Faanaan gabaaseera. Tibba marii kanattis humnootiin nageenyaa federaalaa fi naanoo Somaalee qindoominaan waliin hijjachuuf waliigalaniiru. Ajajjaan olaanaa kun akka jedhaniitti, humnootiin nageenyaa kunneen naannicha garaa tasgabbiitti deebiisuuf izii humna ittisa biyyaa jala ta'uun akka hojatanif murtaa'eera. Komaandi poostiin hundeefamees nageenyaa fi tasgabbii naannichaatiif waliin kan hojjatu ta'u ajjajjaan kun himaniiru.
oduu-41306498
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41306498
Riifarandamiin erga gaggeefameen booda walitti bu'iinsi maaf umamaa?
Naannoo Amaaraa, Godina Kaaba Gondari jiraattonni gandoota saddeeti aanaalee afuritti argamanii, dhimma ofiin ofi bulchuu ykn bulchiinsuma duraatiin turuuf uummanni Qimaanti A.L.I Fulbaana 7 bara 2010tti rifarandamii gaggeesse jira. Riifarandamiin akkamin gaggeefamaa?
namoota murtee-ummataa Gondaritti hirmaatan Erga mootummaan amma aangoorra jiru gara taayitaatti dhufeen booda, riifarandamiiwwan kan gaggeefaman yoo ta'u, inni duraa fi amma har'aattu mata duree marii kan ta'aa jiru riifarandamii Eritiraan Itoophiyaa irraa adda bahuun biyya itti taasifamteedha. Keessattu haala sirna federaalizimii saba bu'uurreefateen walqabateenis, gaaffiileen eenyummaan keenya beekumsa yaa argatu akkasumas daangaalee bulchiinsaa adda baasuu fi fedhii jiraattoonni bulchinsa kamin bulfamu akka barbaadan beekuuf jecha riifarandamiin gaggeefama. Riifarandamiinis seera filannoo Itoophiyaa lakkoofsa 532/1999 bu'uura godhachuun gaggeefama. Ogeessi seeraafi qo'ataan federaalizimii Obbo Wubishet Mulaat akka jedhanitti, garri caalu bulchiinsa filateetti hammatama. ''Kunis egaa walididdaa uummattoota gidduutti uumamu furuuf fala heera mootummaati.'' Riifarandamiin ummata Qimaanti maali? Obbo Wubishati akka jedhanitti, rifarandamiin Qimaanti kan kanaan dura taasifameerraa adda. Akka sababaatti dhimmi kaasanis, daangaa bulchiinsa naannoo tokko keessatti argamu adda baasuufi qaama bulchiinsa akka haaraatti hundeefamuu murteessuuf jecha kan gaggefamu ta'usati. ''Kanaan dura, ganda, aanaa ykn godina akka haaraatti hundeessuuf fedhii ummata achi jiraatuu baruuf riifarandamii gaggeessuun hin baramne ture.'' Kanaan alattis, Obbo Wubishati akka jedhanitti, lakkoofsa ummataa fi manneenii Itoophiyaa bara 1999tti, hawaasni Qimaanti qofaatti lakkaa'amu dhabuu fi sababoota birootiin gaaffiin eenyummaa bara 2007tti kaafame mana maree Amaaraatiin osoo rifarandamii hingaggeessiin ofuumaan ofii beekumsa keennee jira. Riifarandamiiwwan hanga ammaa taasifaman Naannoo Ummattoota Kibbaatti sabaa fi sablamiileen hedduun baayyeen argamuusaanitiin walqabatees gaaffiin riifarandamii irra deebiin ni ka'a. Riifarandamii naannichatti gaggeefame keessaa tokkos gaaffiin eenyummaa ummata Silxee tokko. Ummanni Silxee naannichatti Godina Guraagee jalatti kan bulaa ture yoo ta'u, wal dhabdee fi mormiiiwwan boodas irifarandamiin gaggeefameer. Haalli kunis godini Silxee akka hundeefamuu fi ofiinis of akka bulchu dandeessisera. Riifarandamiin Oromiyaa fi Somaalee jidduutti bara 1997tti gaggeefamees kan gandoota 400 ol hirmaachise ture. Murteen ummataa Oromiyaafi Somaalees gandoota 400 ol kan hammate ture. Riifarandamichaanis gandoonni harka 80 ta'an Oromiyaadhuma jalatti akka bulaniif murteefame ture. Akkasumas, waggoota muraasaan dura Konsoo, Daraashe, Burjii fi Ammaarroo bulchiinsa godina tokko jalatti qabuuf yaaliin taasifame ture. Haa ta'u malee mootummaa naannichaa mormuun riifarandamiin akka gaggeefamuu gaaffiin dhiyaate ture. Godina tokko jalatti buluun hirna baajataa fi rakkina waan qabaatuuf kan mormamee ture. Riifarandamiin maaltu fala argate? Riifarandamiin bakkeewwan adda addaa biyyattiiti gaggeefamus garuu bu'aansaa haga eegame miti. Obbo Wubishatiis akka fakkeenyaatti kan kaasan, riifarandamiin waan hinkabajamneefu walitti bu'iinsa Oromiyaa fi Somaalee jidduutti yeroo yeroon umamaniidha. ''Erga ummanni murteesse boodas wal dhabdeen yammu mudatu argama. Kanaaf immoo rikkinooti rifarandamii waligalaa fi seericha wal qabatan jiru. Yoo kuni furame malee waan yaadamu galmaan gahuun hindanda'amu,'' jedhaniiru. Dhimmoota of-eeggannoo barbaadan keessaayis, filannoon gara qaama tokkotti akka hinjallannee, qaamoole dhimmi ilaalatu hundaaf waa'ee rifarndamii irratti barumsa kennuu fi mariiwwan adeemsifamuu dhabuun muraasa jedhan.
oduu-44920754
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44920754
Busaa namatti deddeebi'uf waggoota 60 keessatti yeroo duraaf qorichi ragga'e
Qorichi busaa talaaluuf ooluufi waggoota 60 keessatti yeroo duraaf kan mirkanaa'e qondaaltota Yunaayitid Isteetin fudhatama argate.
Qorichi kuni busaa irra-deddeebiin namatti ka'uf qophaa'e. Dhibeen kun waggaatti ummanni miiliyoona 8.5 ta'u akka dhukkubsatu taasisa. Gosi dhukkuba busaa kanaa tiruu keessa waggoota muraasaaf dhokachun boodarra deebi'e waan ka'uf ofirraa dhowwuun rakkisaadha. Saayintistonni qoricha 'tafenoquine' jedhanin ''argama guddaadha'' jedhaniiru. Akka addunyaattis qondaaltonniifi qaamoleen qoricha to'atan qoricha kana ilaaluun ummata isaaniif ajajuu danda'u.
oduu-48376996
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48376996
Dubartii osoo hin baratiin wal'aansa baqaqsanii hodhuu gaggeessan
Maammituun umuri 14'tti heerumte. Namni ishee fuudhes tilmaamaan waggaa 25 ni taha.
Kaayyoon ishees bultii ijaarrattee, dhala godhattee ijoollee guddisuu ture. Jaarsi ishees isheef yaada, yeroo hundaa ishee gargaaruuf olii gadi jedha. Waggoota lama boodas ulfoofte. Kaayyoo ishee waan turef maatiin ni gammade. Waan mucaaf ta'us qoqophaa'e. Garuu, hunduu akka isheen eegde hin taane. Ciniinsuu guyyaa 4 Ciniinsuun cimnaan firri walitti yaa'ee 'Yaa Maarami hiiki' jedhani kadhatanis mucaan dhalachuu hin dandeenye. Guyyaa tokko lama jedhe guyyoonni afur lakkaa'aman. Kadhaa, yaaddoo, dhiphina malee mucaan dhalachuu dhabe. Ilkaan cininnattee guyyaa afur cininfachuu ishee kan yaadattu Maammituun guyyaa afraffaatti of wallaalte. Gaafa dammaqxu firri marseera. Waan tahe baruuf fira gaachuun dirqama ture. 'Mucaan koo eessa jira?' jechuun sagalee dadhabeen gaafattus mucaan garaa keessatti waan du'ef ogeessi baasuu itti himani. Bo'uuf humni hin jiru. Gaddi ishee cabse. Boodarra garuu rakkoo biraa of irratti agarte. Fincaaniifi bobaa ishee to'achuu hin dandeenye. Itti wayyaa'a jedhani haatiifi obboloonni ishee eeganis hin taane. Dhiqaa kununsaniis jijjiiramni hin jiru. Anis jijjiiramni ni dhufa jedhe eegaa ture kan jettu Maammituun fooyya'u dhabnaan abdii kutte. Of ajjeesuufis akka barbaaaddee turte dubbatti. ''Namoonni yeroo dahan wanti akkanaa isaan hin mudatu. Kuni akkamin anarratti mudachuu danda'e?'' jechuun of gaafattee gaddite. Maammituun ofitti qaanoftee turte. Obbolaafi maatiin dhiqanis qulqullaa'uu dhabde. Kuni ishee yaaddesse. Of jibbite. Nyaataafi dhugaatii dhaabuun qaba jettee yaadde. Boodarra wayyaa'uufi dhabnaan magaalaa Dassee si geessina ittiin jedhan. Namni waa'ee dhukkuba ishee beeku hin jiru. Yeroos maatii ishee gara obboleettii kiyya Finfinnee na geessaa jettee gaafatte. Booda oduu keessa wal'aansi Finfinnee akka jiru kan dhagahan. Finfinnee immoo obboleettii ishiifi haati kiristinnaa ishii jiraatu. Firriis ishii gargaare. Finfinnee Haati kiristinnaa obboleettii ishee hospitaala Zoodituu hojjetu. Achis dhaqxe. Qoricha itti dhibee ishee irraa bayyanattu fudhachaa guyyoota 15'f turte. Boodarra haati kiristinnaa obboleettii ishee yeroos hospitaala Li'iilta Tsahaay jedhamutti ishii geessan. Hospitaalichatti immoo Dr Kaatiriin Hamiliiniifi abbaa warraan isaanii Dr Reej Hamliin dhukkubsattoota Festullaaf wal'aansa baqaqsanii hodhuu kennu. Hospitaala erga gahani booda kunuunsi isheef taasifame qofti dhukkubashee akka dagattu akka taasise yaadatti. Hospitaala yeroo geessu dubartoonni kudhan tahan akka turaniifi akkumashee dhukkubsatani wal'aanamaa akka jiran yeroo itti himamu of jajjabeessite. Boodarra wal'aansa argattee itti wayyaa'e. ''Ani du'an hawwe Waaqayyoon garuu umurii dheeraa naaf kenne,'' kan jettu Maammituun kanneen dhukkubsatani wal'aanamani fayyan yeroo qe'ee isaanitti deebi'an dhukkubsattoonni kaan dhufu dubbatti. Maammituun yeroo itti wayyaa'u kunuunsa isheef taasifamaa ture kaanif qooduu eegalte. ''Siree dhukkubsattoota kaanii afunin eegale,'' kan jettu Maammituun erga fayyite booda gara qe'ee dhalatteetti deebi'u hin feene. Namoota dhukkubsatan gargaaruu feete. Abbaan warraa ishee waggoota lamaaf hospitaala yeroo turtetti deddeebi'e gaafatus isheen achuma akka turtuufi jireenya ofii akka qajeelfatu itti himte. Imala wal'aansa baqaqsanii hodhuu Kanaan dura dhukkubsattoota gargaaraa kan turte hiriyaan ishee boqonnaaf yeroo deemtu ishee bakka buutee hojjechuu eegalte. Ittiis gammadde. Hiriyaan ishee yeroo deebitu garuu isheen gara kutaa bayyanattuutti deebite. Yeroo kana Dr Reej Haamlin, ''eessa deemte?'' jechuun akka ishee fidan yaadatti. Dr Reej Haamiliin wal'aansa baqaqsanii hodhuu yeroo taasisan akka ilaaltu taasisu turan. Uffata yeroo wal'aansa godhan uffattee jala deemaa ogummaa isaanii akka bartuufi wal'aansa baqaqsanii hodhuu akka hojjettu carraa kennuuf turan. ''Wal'aansa baqaqsanii hodhuu xumuran akka goolabdu akkasumas bakka isaan jiranitti wal'aansa salphaa akka godhu na taasisu ture,'' jetti. Hospitaalli festullaa haaraa ijaarame bakkas yeroo imalanis hojii kana itti fufte. Hojiikoo baay'een jaaladha jetti. Magaalaa kan hin beekne, qoricha walii isaa kan hin beekne Maammituun dhukkubsattoota Fistullaaf wal'aansa baqaqsanii hodhuu milkaa'e taasisaa jiru. ''Wal'aansaa taasisuu kanin gahe isaaniin gargaarameeni. Afaan Ingiliziis isaanirraan bare. Afaan Amaaraa barreessuufi dubbisuu asumatti bare.'' Maammituun barattoota fayyaa gara hospitaalichaa dhufanis ni gargaaru. Beekkamtii Dilbata tokko ogeessonni wal'aansa baqaqsanii hodhuu Kolleejji Royaal irraa dhufan ishee argatan. Yeroos Aadde Hamliin fa'i hin turre. Gaafas immoo wal'aansa kennaa kan turte Maammituudha. Wal'aansa kana gargaarsa Dr Reej Hamliinin yeroo lammata hojjettu arganii ajaa'ibaman. Ergasii beekkamtii kennanif. Hojii ishee kanaan Dr Hamliinis akka itti boonan kan dubbatti Maammituun. ''Anis hojii kootti boone,'' jetti. Hanga yoonaa, namoota meeqaaf wal'aansa akka kennite hin beektu. Haa ta'u malee, dhukkubsattoota hedduu wal'aanuu ishee yaadatti. Ameerikaatti imalte lammiilee Itoophiyaa irraas beekkamtii argatteetti. Hospitaala Maammituun itti hojjettu adda kan godhu hojjettoonni hedduu festullaa dhukkubsatani kan turaniifi wal'aanamani kan fayyanidha.
oduu-53146699
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53146699
Hidha Abbayyaa: Itoophiyaan xalayaa dhimma Abbayyaarratti UN'tti barreessiteen maal jette?
Mariin Hidha Guddicha Abbayyaa biyyoota sadan jidduutti gaggeeffamaa ture osoo hinxumuramiin Masriin jidduutti Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)'f gaafa Jimaataa xalayaa barreessite turtee.
Kaayyoon xalayichaas hidhi Itoophiyaan ijaartu 'nageenyaafi waliigaltee idil-addunyaaf yaaddoodha' jechuun Manni Maree Nageenyaa marii Abbayyaa gidduu akka seenu kan gaafatudha. Itoophiyaan immoo adeemsa Masrii kana komachuun, 'Masriin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) dogongorsuf socho'aa jirti' jechuun xalayaa barreessiteen himatteetti. Xalayaa Itoophiyaan guyyaa kaleessa UN'tti ergiteen, hidhi Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu nageenyaafi waliigaltee idil- addunyaatiif yaaddoo miti jechuun ibsiteetti. Kana malees, ijaarsi hidha kanaa Sudaaniifi Masrii akka hin miine ibsuun, yeroo lammataaf xalayaa kana Mana Maree Nageenyaaf barreessiteetti. Xalayaa Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Gadduu Andaargaachaw Pirezidaantii Mana Maree Nageenyaa UN Nikolaas Di Riviyeeretti barreessaniin Masrii qeeqaniiru. Torban muraasa keessatti Masriin yeroo lammataaf dhimma hidha Abbayyaa gara UN'tti kan geessite yoo ta'u, Itoophiyaanis yeroo lammataatif ejjennoo ishee xalayaa ergiteen ibsiteetti. Obbo Gadduun maal jedhan? Masriin xalayaa UN'tti barreessiteen hidhi Itoophiyaan ijaartu kuni nageenyaafi waliigaltee idil-addunyaaf yaaddessaadha jechuun ibsiteetti. Ministirri Dhimma alaa Itoophiyaa Obbo Gadduun xalayaa Masriin ergiteen kanaaf deebii kannuuf barreessuuf dirqamuu himan. Masriin dhimmicha gara UN geessuun ajaa'iba nutti hin taane kan jedhan Obbo Gadduun, galma ga'iinsa marii biyyoota sadiif Masriin gumaachuu hin feetu jechuun ibsan. Mariicha sadarkaa idil - addunyaatti geessuu isheefis qeeqaniiru. Obbo Gadduun mariin biyyoota sadanii keessumaa dhimma teknikaa irratti torban muraasa darban fooyya'aa akka dhufe kaasu. Kunis, carraaqqii Itoophiyaan akka raawwate ibsani. Itoophiyaan mariitti iitti fufuu barbaaddi kan jedhan Obbo Gadduun, inumaa mariin kanarra akka saffisu barbaanna ture garuu 'mirga itti fayyadama' Masriin kaasteetu duubatti nu harkisa jechuun ibsan. Haa ta'u malee, Masriin waliigaltee bara 1959 Sudaan waliin bishaan Abbayyaa qooddachuuf waliigalan xalayaa Jimaata darbe UN'tti ergite keessatti hin ibsine. Kana kan qeeqan Obbo Gadduun, sababni ijoo biyyoonni sadan itti waliigaluu dhaban dhimma waliigaltee kanaati jechuun Itoophiyaan waliigaltee waggoota 60 dura ture keessa akka hin jirre ibsaniiru. Mariin taasifamaa jirus kan qoodinsa bishaanii osoo hin taane dhimma yaaddoo ijaarsa hidha qofaarratti kan xiyyeeffate akka ta'e xalayaa keessatti katabaniiru. Masriin maaliif gara UN dhaqxe? Masriin marii biyyoota sadanii irratti hirmaachaa dhimmichas gara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii geessiti. Itoophiyaan immoo 'adeemsa lamaan Masrii' kana ni qeeqxi. 'Asiin marii biyyoota sadii irratti hirmaachaa gama kaaniin immoo dhiibbaa siyaasaafi dippilomaatikiii bu'aa hin qabne Itoophiyaarraan gahuuf dhimmicha Mana Maree Nageenyaatti geessiti,' jechuun ibsan. ''Yaaliin kuni hundi Mana Maree Nageenyaa dogongorsuuf kan kaayyeffatedha,'' jechuun Obbo Gadduun barreessaniiru. Dabalataan, rakkoo Afrikaa Afrikaanotaan hiikuun osoo danda'amu gara Niiw Yoork geessuun sirrii miti jechuun Qajeelfama biyyoonni sadan bara 2015 waliigalan ni cabsa jechuun barreessan. Masriin Itoophiyaan marii malee murteessaa jirti jechuun himatti. Akka fakkeenyaattis, waliigalteerra osoo hin gahamiin isa Itoophiyaan bishaan guutuuf yaadde kaasti. Obbo Gadduun Masriin yeroo hidha Aswaan ijaarte Itoophiyaa yoom mariisiste jedhanii gaafatu. Isa booda mormii yeroo garaa garaatti Itoophiyaan dhiheessite Masriin akka gurra itti kennu dhabdellee eeran. Maree malee hin murteessine kan jettu Itophiyaan, ammallee mariidhaan akka furamu xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ergiteen ibsiteetti. Dhimma seeraa hin xumuramne Erga baatii Guraandhalaa jaarsummaa US fi Baankii Addunyaan Itoophiyaan mufattee marii keessaa baate as torban lama dura eegalee garuu biyyoonni sadan gama viidiyoon marii gaggeessaa turan. Kanaanis, marsaa jalqabaa hidha waggaa 9 dura eegale guutuuf biyyoonni sadan dhimma teknikaa irratti akka waliigalan Itoophiyaan ibsiteetti. Dhimma teknikaa irratti biyyoonni akka waliigalteerra gahan Itoophiyaan ibsitus dhimma seeraa irratti garuu ammallee waliigalteen hin gahamne. Sababni biroo Masriin kaastu Itoophiyaan hidha kana yoo ijaarte hammi bishaan Abbayyaa Sudaaniifi Masrii gahu ni xiqqaata kan jedhudha. Itoophiyaan xalayaa ejjennoo ishee itti ibsiteen bishaan kuni tarbaayinii rukute akka darbuufi hiyyummaa hawaasni keessa jiru furuuf hidha kana ijaaraa akka jirtu ibsiteetti. ''Masriin kana sirriitti beekti. Garuu dhimmicha bifa siyaasaa akka qabaatu gochuun bishaan abbayyaa irratti olaantummaa qabachuu barbaaddi. Bara amma jirruttimmoo kuni hin ta'u,'' jedhan Obbo Gadduun. ''Nageenyaafi tasgabbiin walqabatee yaaddoon hidha haaromsaa irra yoo jira jiraate, maddi yaaddoo sanaa Masriidha,'' jechuun biyyattiin waraanatti dhaadachuu ishee Obbo Gadduun kaasan. Haa ta'u malee, biyyoonni lamaan gama dippilomaasiitiin mariin kuni xumura akka argatu himanis yerootti waraanaafis ta'u qophii akka ta'an ibsan ni jira. Gaaffii Masriin Mana Maree nageenyaaf dhiheessites manni marichi akka hin fudhanne abdii akka qaban akkasumas 'Masriitin akka hin dogongorre' Itoophiyaan Mana Maree Nageenyaa UN gaafatteetti. Masriifi Sudaan maal jedhan? Waggoota saddeet darbaniif Sudaan Itoophiyaa bira dhaabbattus booda kana garuu ejjennoo duriirra hin jirtu. Xinxaltoonni kana rakkina diinagdee biyyattiin keessa jirtu furuuf adeemsa eegalte waliin akka walqabatuufi fedhii Ameerikaa galma geessisuuf ejjennoo akka jijjiirte himu. Gama kaaniin, Masriin waliigalteerra akka hin gahamne Itoophiyaatu danqe jettus guyyaa Wiixataa akka ibsitetti taanaan Itoophiyaan hidhaa kana yoo guutuu dhabde mariitti akka deebitu himte. Manni Maree Nageenyaas gidduu seenee Itoophiyaan bishaan akka hin guunne dhiibbaa akka taasisu Masriin ni barbaaddi. Waliigaltee malee bishaan guutuun Masriif ''yaaddoo guddaadha'' jechuun Ministirri Dhimma Alaa Masrii Saameh Shukrii gaafa Wiixataa AP'tti himaniiru. Bishaan Masriin dhimmoota garaa garaaf fayyadamtuuf %90 Abbayyaa irratti hundoofti. Itoophiyaan immoo waliigalteerra gahames gahamuu baates marsaa jalqabaan baatii Adoolessa keessa bishaan akka guuttu ibsite. Waliigaltee malee bishaan guutuun qajeelfama biyyoonni sadan bara 2015 mallatteessan cabsa kan jettu Masriin, UN itoophiyaa irratti tarkaanfii akka fudhatu osoo hin taane mariitti akka deebitu dhiibbaa akka godhu barbaaddi. Itoophiyaan immoo mariin kan adda cites Sudaan MM biyyattii waliin mari'achuuf yaada waan dhiheessitef malee mariin akka itti fufu kaasti. Asirratti , xalayaa Itoophiyaan kaleessa barreessite keessatti guyyaa bishaan itti guutamu hin kaafne. Itoophiyaafi Masriin waliigaluu danda'uu? Itoophiyaan daangaa koo keessatti bishaan kiyyaan hidha ijaaree ummata miiliyoona hedduu hiyyuummaa keessaa baasuu akka barbaaddu himti. Masriin immoo waliigalteen bara 1959 kabajamuu qaba. Dhimma laga abbayyaa irratti eeyyamni Masrii akka barbaachisu himti. Sababoonni kunneen lamaan waliirraa fagoo waan ta'anif waliigaluun baay'ee isaan rakkisa jedhu yunivarsiitii Finfinnee irraa Pirofeesar Tasfaaye Taaffasaa. Dabalataan, sababoota kaan alatti, Masriin adeemsa Itoophiyaaf hiika siyaasaa kennuun olaantummaa siyaasaaf morkataa jirti jechuun dubbatu. Hidhi Abbayyaa yeroodhaan xumuramuu dhabuu isaatti Itoophiyaan silaa elektirikiin gurguramee waggaatti dolaara biiliyoona 1 argachuuf yaadde dhabaa akka jirtu MM Abiy Ahimad dhihoo ibsuun isaanii ni yaadatama.
oduu-48306293
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48306293
Yaalii fonqolchaa bara 1981: Yaadannoo hadhooftuu ilma janaraal Damisee Bultoo
Fonqolcha Caamsaa bara 1981 irratti shoora olaanaa kan taphatan Janaraal Damissee Bultooti. Ilmi isaanii Obbo Darajjee Damissee Bultoo biyya Ameerikaatti hayyuu seeraa fi Maasaachuseetisitti ammoo pirezidaantii waldaa abukaattota dhimma yakkaa irratti hojjetaniiti.
''Jaalalli abbaan koo biyya isaatiif qabu daangaa hin qabu ture,''kan jedhan Obbo Darajjeen, yaadannoo ijoollummaa isaanii fi waggaa 30 darbe waan ta'es akkasiin BBC'tti himan. Kurkummoo waliin taphanna! Ijoollee taanee… Yeroo baayyee abbaa koo waliin safara keessa waliin deemnee qilleensa fudhanna ture. Keessumaa galagala daandii Boolee irra… Nan yaadadha, abbaan koo ol jedhee adeema ture. Ani ammo burtukaana koo susukkuumaan jala adeemaa gaaffiin sarda ture. ''Waraanarratti madfiin akkamiin rukutaa?'' ''Namni dhukaasu jira. Mallattoon inni fageenya safaruun kennuun dhukaasa. Yeroo tokko tokkos haalli itti tilmaamatti fayyadamuuf dirqamtu jira.'' ''Fageenyi osoo hin safaramiin akkamiin beekama? ''Tooftaa qaba…'' ''Abbaa koo… akkamiin tilmaamaan ta'a? Fakkeenyaaf ati fageenya asii hanga gamoo sana gidduu jiru tilmaamu dandeessaa?'' ''Sirriitti'' ''Meetira meeqa ta'a? ''150'' jedhe. ''Hin ta'u dhiba yoo guute na dinqa'' jedheen. Dhaabbachuun ''ni qabsiiftaa'' naan jedhe? fuula ifaa abbummaan na ilaalee. ''Nan qabsiisa!'' jedheen safarrii tarkaanfichaa jalqabuuf dhaabbadhe. ''Maal qabsiista?'' naan jedhe kolfa obsaa. ''Kurkummiidhaan!'' Sagalee ol kaasuun erga kolfuun, attamiin! Yeroon barbaadetti si waamee si kurukumu osoon danda'uu maafiin kurkummiin qabsiifta? naan jedhe. ''Tole maal haa tahu ree?'' ''Yoon si mo'e burtukaana baattu kanan nyaadha. Ati yoo namoote garuu na korokkomta'' jedhe kolfaa. Anis yaadaachaan waliin gale. Tarkaanfiin tokko meetira akka ta'utti dheereessi lakkaa'I naan jedhee kolfaa tarkaanficha na waliin lakkaa'u jalqabe. Yeroo sana daa'immanillee dabalatee haala kanaan nagaan gaafatamaa ture ''Galgala galgala Janaraal Faantaan mana keenya dhufu ture'' Dur naannoo riqicha Boolee hoteelli Karramaarraa jedhamu tokko jira ture. Manni keenya achiin keessa seeneeti. Imbaasii Somaalee fuuldura. Abbaan keenya adda waraanaa ture gara manaa yoo dhufu baay'ee nutti tola ture. Ni gammanna. Mana barumsaa osoo jirruu tarii dhufeera yoo tahe jennee sanduuqa uffataa bannee foolii uffatasaa suunfanna ture. Isa dura garuu haala hojiisaa irraa kan ka'e bakkeewwan garaa garaa jiraanneerra. Fakkeenyaaf Harar jiraachaa turre. Siriiyyuu abbaan koo Janaraal Marid waliin kan haalaan wal baran yoos ture. Jeneraal Marid Nugusee yeroo muraasaaf waraana keessaa bahuun bulchaa kutaa Harargee ta'anii ture. Yeronsaas ganna ture. Anis abbaa koo waliin Harariin ture. Manni Gaashee Maridiif kenname haaromsamaa waan tureef mana keenya jiraachaa ture. Glagala galgala yeroo taphatan anis waan dhugamu dhiyeessaaf waliinan taa'a ture. Gaash Maridiis ofiitt nuqabu turan. Ijoollee jaalata. Kanaafu waan waliin haasaa'aa turan hunda nana dhagaha. Yeroo baay'ee waa'ee rakkoo biyyaa akka isaan yaachisuu fi waa'ee baayina waraanaa du'aa ture yeroo haasa'an nan yaadadha. Waa'ee fonqolcha mootummaa na biratti yoo haasa'an hin yaadadhu. Hariiroon abbaakoofi Janaraal Faantaa Balaay jabaachaa kan dhufe ammo yeroo ''duula galaana diimaa fi Baahira nagaash'' natti fakkaata. Abbaan koo yeroodhaaf ajaja Izii Baha Hararii irraa gara Eertiraa demuun duula kanneen lamaan qindeessummaan gaggeesseera. Yeroo sanas Janaraal Faantaan Ahjajaa human qilleensaa turan. Inumaayyuu waraanni qilleensaa fi galaanaa waliin halleellaa qindaa'aa yoo gaggeessan kan jalqabaa natti fakkaata. Yeroo sana humnaan deemanii Naafqaa qabachuuf yaalii taasisanii turan. Isaan dura Baarentu dabalate gadhiisisanii ture. Waraanni sunis abbaakoo fi Janaraal Faantaa kan walitti dhiyeesse natti fakkaata. Galgala galagala Jeneraal Faantaan yoo mana keenya dhufan qofaa taa'anii sa'aatii dheeraa mari'atu ture. Ministirri ykn janaraalli mana keenyaa yoo dhufan gadi bahaa bahaa taphadhaa hin jedhamnu ture. Teenyee dhaggeeffanna. Janaraal Faantaan yoo dhufan garuu waan akkas hinjiru. Amma gaafan duubatti deebi'ee yaadu waa'ee fonqolchichaa wixineessuu kan eegalan yeroo sana ta'aa laatan jedha. Janaraal Maridii fi Janaraal Abarraa Jeneraal Marid waliin baay'ee walitti dhiyaanna. Abbaa Kiristinnaa mucaa keenya hangafaatis. Haati koo ammoo haadha Kiritinnaa mucaa isaanii hangaafti.Manni isaanii naannoo Gofaa Qeeraa ture. Tahus yeroo baay'ee mana keenya dhufu. Abbaan kiyya wayita ajajaa waraana kutaa Bahaa turanitti, Jeneraal Abarraa Abbabaa ammoo Ittaanaa isaa ture. Egaa Marid, Faantaa, Abarraa fi abbaankoo haala kanaan walitti dhufuun fonqolchicha kan wixineessan natti fakkaata. Mirgarraa gara bitaatti Iid Amiin Daadaa, Tafarii Bantii, Mangistuu Haayilamaaram, Axnaafuu Abaatee, Muddee 1,1968,Finfinnee ''Dinagdeen biyyattii Koddaa bituu hin danda'u ture'' Waraanni Eertiraatti gaggeefamu karaa nagaa waliin dubbachuun hiikamu akka qaban, rakkoon siyaasaa Tigiraay ture gara gidduu gala biyyaafis akka darbuu danda'uu fi qabxiiwwan kkf irratti ilaalcha wal fakkaataa akka qaban yaada. Dinagdee biyyaa waraanaaf koddaa bishaanii bituu dadhabu irraa ga'ee ture. Loltootni koshooroo nyaachaa wagga hamma sanaa hunda waraanaa turuun isaanii baay'ee nama dhiba. Dinagdee akkasii qabatanii waraanaa walakkaa miiliyonaa ta'u bulchuun akka hin danda'amne abbaankoo fi hiriyyoonni isaa waan hubatan natti fakkaata. Keesumaa lubbuu loltoonni adda waraanaatti kanfalaa jiran akka malee isaan waan aarse natti fakkaata. Kana hubachuun irriba waan isaan dhoorkeef gara yaada fonqolchaatti deebi'an natti fakkata. Akkuman sitti himeettis guyyaa tokkoon waan akkarra hingeenye. Amma booddee deebii'ee yoon yaadadhu guyyaan of baree irraa kaasee jalqabee ture waraanni dhaabbachuu akka qabu kan dubbataa turan. Egaa fonqolchicha kana hundatu walitti ida'amee umee jechuudha. ''Abbaa koo dirree waraanaa deemunan argadha ture'' Umuriikoo ijoollumaa kaasee kaniin jiraadhe waraana waliin, sababi abbaakootiin. Addawwan waraanaa biyyatti sadiirratti; Kaaba, Kibbaa fi Bahatti carraa waraana ogganu kan argate abbaakoo qofa natti fakkaata. Abbaankoo Mana Barumsaa leenjii Waraanaa Haayilesillaasee Tokkoffaatti Daariktara lammii Itoophiyaa jalqabaa turan. Sana dura Ingilizootaa fi Hindoota ture kan bulchu. Achii ammoo kaampii ajajootaa Harar jiraachaa turre. Achis namni Tasfaayee Cheentoo jedhamu kan baayyee kubba taphachuu danda'u tokko nu taphachiisaa ture. Yeroo abbaan koo Waraanaa Kibbaa ture ammoo, naannoo waraanaa oolla ture. Waana argarrees bifa baacoon haasofna turre. Agarsiisa taankii waraanaafi madfii akkasumas heebbi loltuutaa nu hindarbu ture. Fakkeenyaaf obboleessikoo abbaakoo waliin dirree waraanaa Baalee Filtuu deemeera. Waraanni baay'ee cimaa tahe bakkatti gaggeeffamedha. Teleskooppii ittiin waraana fagoo ilaalan harkaa fudhee waraana dirree irra deemu ilaalaan ture. Ijoollumaa keenya irraa eegaluun abbaankoo waa'ee waraana Itoophiyaa akka beeknuufi jaalala biyyaa horannu barbaada ture. Fakkeenyaaf waamichi loltummaa jalqabaa yeroo godhamu mucaan ajajaa waraanaa tokko iyyuu dirree waraanaa deeme hin jiru. Abbaa koo garuu waamicha uummata Itoophiyaa hundaaf bahera. Kanaafuu mucaan koo yoo waamame deemuu qaba jedhee nama murteessedha.'' Kanaanis obboleessikoo duula biyyaalessaa duuleera. Waraana hamaa gaggeeffamaa ture irraa kan ka'e abbaankoo guyyaa boqonnaa itti fudhatu hinturre. Ani iyyuu yeroo tokko isa arguuf Asmaraa deemee osoo hin argiin deebi'ee gale. Halkan walakkaa manatti galee barii ammoo gara biirootti deebi'a. Gaaf gaaf ammoo achuma biiroo keessa firaashiin dachaatu tokkorra bula ture. Irra deddeebiin argachuuf yaalee waan hin dandeenyeef ergaa ergeef. ''Abbaakoo! Si arguuf hanga Asmaraatti dhufee osoo si hin argiin deebi'eefanii kaa'' jennaan, ''egaa yeroo kana hojii dhiisee gara kee dhufuu hin danda'u; ati maaliif uffata waraanaa uffatte gara koo dirree waraanaa hin dhuftu? Carraan jiru kana qofaadha'' naan jedhe. Akkuma inni jedhen godhe. Yeroo sana buufanni Matsawwaa akka hin qabamne waraanni gaggeeffamu ture. Jeneraal Waasihuun Nigaatuu nama taankii dhukaasu leenjisu ture. Achi deemne.Jeneraal Taaddasaa Tasammaa kan gaggeessaa turan gaara Karen irra, achiis deemnera. Walumaagalatti isan abbaakoo yaade dirree waraanaa deemee argadhee quufeen gara magaalaa Finfinneetti deebi'en si jedha. ''Fonqolcha mootummaa kan gaggeessan aangoofidha namootni jedhan na dinqu'' Lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa waraana irratti dhumanii waan isa aarse natti fakkaata. Keessumaa rakkoon gara Kaabaa waraanaan akka hin furamne waan hubate natti fakkaata. Dhuguman siin jedha abbaakoo dabalatee namootni isa waliin turan baay'een isaanii namoota faayidaas tahe maallaqa barbaadan miti. Eebba Akkaadaamii Harar irratti, Janaraal Damissee Bultoo(mirga), Nama Itoophiyaa yeroo jalqabaaf Akkaadaamichatti Daayirektara ta'an 'Fonqolchichi 'Aangoof kanneen jedhan baayyee nama dhibu' Namootni fonqolchicha qindeessan namoota biyyattii keessatti aangoo ol aanaa qabaniidha. Bulchaa biyyaa kan tahu ammo nama tokko qofaadha. Kaan ammo ajajaa waraanaa fi ministiroota tahu. Isaan ammo durumaan iyyuu aangoo kanarra jiru. Yoo mootummaan kufes kana irra kan caalu aangoo akkamii argachuu danda'u? Fakkeenyaaf, Jeneraal Marid Itamazhurii waraana Itoophiyaa waliigalaati. Faantaa Balaay ministira. Abbaankoo biyya keessaa isa guddaa kan tahe ajajaa waraana Kaabaati. Namoota faayidaa barbaadan miti. Yeroo mootummaan tola lafa kaaremeetira 500 kennaa tureeyyu namoota hin fudhannedha. Fonqolcha mootummaan booda namoota baay'eetu mana dhabee faffaca'ee hafe. Yeroo baay'ee rakkoo biyyattiin keessa turtetu hirriba isaan dhorkaa ture. Turimee seenaa Koloneel Girmaa Tasammaa beektaa? ... Yeroo fonqolcha mootumaa sana booji'amanii mana hidhaa Naafqaa keessa turan. Bakka bu'aa booji'amtootaa turan. Yeroo yaalii fonqolchaa sana waliigalteen dhukaasa dhaabuu godhamee ture. Humna waraana bakka bu'uun hanga Ameerikaatti deemuunis dubbachaa turan. Maarree as dhufanii koolugaltumaa hingaafanne. Waraanni mana hidhaatii baase bakka kan na buuse akkan achitti hafuuf miti jedhanii hojii isaanii erga xumuranii booda gara mana hidhaa Naafqaatti deebii'an. Eenyutu kana taasisaree? Kolonel Girmaan yeroo Eertiraan birmadummaa ishee argattu mana hidhaatii hiikamanii gara Finfinnee deemuun sooramni isaanii kaffalamaaf ture. Dhiyoo kana boqatan. Dammisee Bultoo fa'ii sa'atii sanatti Caamsaa 8 akkatasaa manni keenya rurukutame. Balbala irraa haala loltootaa ilaalaniiti natti fakkaata waardiyoonni karra banuu sodaatan. Deemeen karra bane. Loltoota Asmaraa irraa dhufaniidha. Isaan keessaa ajjaabii [eegdota] abbaa keessaa tokko kan tahe ajajaa kudhanii Geetaachoo waanan argeef xiqqoon tasgabbaa'e. Hidhannoo isaa guutuu waliin dhaabateera. Asmaraa irraa ''ergamneeti dhufne'' naan jedhe. Ajjaabonni [eegdotni] abbaa koo lamaan yeroo sana ammo eegdota [ajjaabota] Jeneraal Huseen turan. Maaltu tahe? jennee yommuu gaafannu, waan xiyyaara keessa jiru nutti himan. Isaan kallattumaan Asmaraa irraa waan dhufaniif Mangistuun ajjeefameera se'an. Akka ilaalcha abbaakootti ammo fonqolchicha haaluma eegameen deemaa jira.Asmaraa irraas humni kana milkeessu ergameera. Mangeefis xumurameera. Kana gidduutti namootni baay'een gara mana keenyaatti ergamuu danda'u jedhee tilmaameera. Kanaaf loltoota kan erge natti fakkaata. Isa irratti ammo naannoo keenya qondaaltotni ol aanoo baay'een jiraatu. Mana keenya bira darbee Mana Fiqire sillaasee Wagdaraastu jira. Duuba isaa immoo miseensota Dargii kaantu jiraata. Kanaaf dahoo akka nuuf tahaniif waan nuuf erge natti fakkaata. Haalichi nutti hin tolle. Hanga haalichi tasgabbaa'utti jennee anaa fi harmeen koo obboleessa koo fi obbolaa koo dubaraa lamaan waliin taane manaa baanee bakka biraa bulle. Mana firaa baruu waan danda'aniif mana hiriyyaa maatii keenyaa kan tahe mana Yuusuuf Zakaariyaa deemnee dhokanne. Loltoonni Bilisummaa Eertiraa Naannawa Naaqifuutti lolarra wayita turanitti, Adoolessa 3,1970 Alkan Facaasaa Caamsaa 8 1981 Bultiidha hin jedhiin. Halkan dhipphisaa.Raadiyoo osoo tutuqnuu, raadiyoon Asmaraa maal jedha kan jedhu dhagahuuf ture yaadni keenya. Gurri keenya raadiyoo irra iji keenya televizhinii irra gochuun taa'aa turre. Dhuguma akkuma jedhame fonqilchi mootummaa kan gaggeeffamaa jiru yoo tahe abbaan keenya gara garee kami akka tahe waan beeknuuf dhiphinni keenya dabale. Hakan sa'aatii afuritti televizhiniin Itoophiyaa oduu ammee dabarsinu qabna jennaan hundi keenya lapheen keenya ka'ee dhiphinaan eegne. Gaazexessaan sunis dhufee yaaliin fonqolcha mootummaa jeneraalota muraasaan gaggeeffame fashalaa'uu isaa dubbate. Jeneraal Maridii fi Jeneraal Ammahaan adunyaa kana irraa du'aan boqochuu dubbate. Kiw"! jedhee naheen hafe. Haati koo fi obboleettiin koo hirqinfatanii boo'uu jalqaban. Abbaankoo akkam taha kan jedhu yaadeen boqonnaa dhabe. Raadiyoon Asmaraa immoo bulchiinsi abbaa irree Mangistuu waggoota 15 kanumaan xumurame jechuun haasa'a. Abbaankoo xiyyaara waan qabuuf fonqolchi kun fashalaa'uu isaa yoo bare xiyyaara isaa kaasee biyyaa baha. Kun isaaf waan salphaadha jedheen ofis haadhakoos jajjabeessuu jalqabe. Roobii Caamsaa 9 bara 1981 Bulee isaa hundi keenya bakka tokko buluu akka hin qabne waliin dubbanne. Obbolaan koo dubaraa garuu adda bahuu hin barbaanne. Garuu ni murteessine. Namni yeroo as dhufne nu argeeriu jiraachu danda'a jennee haasofne. Anaafi obboleessikoo hiriyyaakoo Shimallis jedhamu tokko bira. Haatikoo fi obbolaan koo dubaraa immoo mana Baraambaraas Xibabuu dhaqan. Baraambaraas Xibabuu har'ayuu lubbuun jiru. Nama oolmaa nurraa qabudha. Roobii galagala Mangistuu Haalemaariyaam daawwannaa isaa addaan kutee gara biyyaatti gale. Raadiyoon Asmaraa immoo ammayyuu akka kfe haasa'a. Kana gidduutti abbaankoo eessa jira kan jedhu ammo natti bitaacha'e. Kamisa 10 bara 1981 Kamisa galgala yaaliin gaggeeffame akka fashalaa'e dhageenye. Waa'ee abbaakoo garuu homaa waan dhageenye hin qabnu. Gara ganamaa garuu miira gaddaa guddaa keessa galeen of to'achuu dadhabe. Waan barbaade haa dhufu jedheen hiriyyaakoo waliin manaa baheen gara mana keenyaa deemuu jalqabne. Naannoo mana keenyaattii Jeneraal Gizaw Balayineen arge. Nama abbaakoo baay'ee jaallatan turan. Namootni kaanis naannoo mana keenyairra socho'u. Haalichi namatti hin tolu. Haalichis naaf gale. Bitaarraa mirgatti Meejar Janaraal Abebe Waldamaariyam, L/Janaraal Jaagamaa Keelloo, fi Obbo Darajjee Damissee Damisse Bultootiin booda Abbaankoo waraana Itoophiyaa keessa waggoota 37'f tajaajilan. Dargii keessa waggoota 15'f. Isa dura waggoota 22'f. Bakka inni itti waraana irratti hin hirmaanne hin jiru. Ajajaa Kibbaa yeroo ture daangaa Somaalee qabachuuf 60km irra ture. Mee hiisimee hundumaafuu… Mootummaa irra illee xalayaan tokko nu hin geenye. Xalayaa dhiisi reeffi isaa nuuf hin kennamne. Ifatti gadda taa'uu keenya iyyuu akka carraa qabeeyyii taaneetti odeeffamaa ture. Mangistuun erga gara Zimbaabuweetti baqatee deemeeti reeffa abbaa keenyaa kan arganne. Haati keenya mootummaa haaraa taayitaa qabate eeyyamsiiftee mootummaan Eertiraas eeyyameef jennaan namootni biyyichaa bakka itti awwaalame itti agarsiisuun baastee awwaalte. Yeroo sana namoota Koloneel Mangistuu irratti ka'anii kallattumaan ajajaja Mangistuun ajjeefaman hundumaa boolla tokkotti bakka Mandafiraa jedhamu darbee ture miidhaksite kan awwalchiste. Haatikoo maatii hundumaa waliin tahuun reeffa isaanii baasiftee kabajaan Bataskaana Yooseef akka boqochiifamu tasifteetti. ''Mangistuu Haayilemaariyaam dhiifama gaafachuu qaba'' Inni nama kufaatii biyyattii hundaaf itti gaafatamuu qabudha. Namtichi maatii isaa baasatee kooluu-galtummaan nama jiraachaa jirudha. Yakka kana hundaa waliin har'a iyyuu mijateefii jiraachaa jira. Nama dinqa. Amma umuriin isaa deemeera. Yoo xiqqaate kan gochuu danda'u uummata Itoophiyaa dhiifama gaafachuudha. Waggoota kana hundumaan booda illee ''dhiifama, beekumsin yeroo sana qabu biyyattii bulchuuf gahaa hin turre. Yeroo sana aangoo qabachuu hin qabun ture. Osoo hin beekiin miidhaan geessisadha waan taheef dhiifama naaf godhaa'' hin jenne. Dhuguma seenaa duuubatti deebinee yoo ilaalle biyyi guddoon hammana geessu sammuu akkasii nama qabuun gaggeeffamuu hin qabdu ture. Gaggeessitoota tasgabbaa'oo akkaTafarii bantii bilchinaan gaggeessuu danda'an fiduuf yaalaa turan. Amaan Amdoo fa'aa jalqabuma irraa kaasuun nageenya buusuuf yaalaa turan. Namoota waan gaarii yaadan hundumaa tokko tokkoon ture kan ajjeesee fixe. Kuni hundi tahee garuu isas tahe qondaaltotni isa deeggaraa turan dhiifama hin gaafanne. Waldaa Kiristaanaa deemanii miila hiyyeessotaa dhiqanii, uummaticha dhiifama gaafachuu osoo qabanii ''harkikoo dhiigicha irraa qulqulluudha'' jechuu inumaa iyyuu kitaabota barreessaa, waltajjii garaagaraa irratti eebbisiisaa fi dubbii taasisaa turan. Gaabii xiqqoon tokko illee isaanitti hin dhagahamu. Haamilee ajaa'ibaa qabu. Duuti abbaakoo waan hin jirredha Yaaliin Finfinneetti fashalaa'e Caamsaa 8dha. Inni kan ajjeefame Caamsaa 10dha. Abbaankoo xiyyaara isaa kaafatee akka biyyaa hin baane maaltu isa dhorke? Kutatee hanga xumuraatti waan itti galeef malee isaaf salphaa ture. Itti aanaa isaa kan turan Jeneraal Huseen Ahimed 1983 Asmaraan qabamuu isheen dura Xiyyaara isaanii kaafataniiti ka Sawud Arabiyaa galan. Innis kana gochuun itti ulfaatee miti. Jeneraal Nuguseen gorsaniinii ture. Haalichi erga hin milkoofnee maal hojjetta jedhaniinii ture? Nama kana hundumaa gatee eessa iyyuu hin adeemudha kan jedhee deebiseef. Koloneel Mangashaa turan yeroo sana ajaja fudhachuun helikoteroota bakka garaagaraatti ergaa kan turan. Jeneraal Damisseen fa'aa achuma biiroo isaanii fuuldura helikoopterri tokko dhaabbatttee akka eegdu gochuu danda'u ture. Waan hin barbaanneefidha malee. Ati maal isa irraa baratte? yoo naan jette. Duuti kan akka isaa hin argamu. Waan itti amane raawwateera. ''Waraana isaa hin ganne.'' Warri faallaa isaa dhaabbatanis isaaniif hin oolle. Waraanni Wayyaanee yeroo galu hiriiranii harka laatan. Sanyiikee waami jedhamaa, barnootni garaagarummaan sabaa isin barbaachisa baradhaa jedhamaa, kaleessa namootni kaleessa Shiftaa jedhanii waamaa turan harcummeedhaan deemi achi hiriiri jedhamanii gar-tokkeen isaanii achuma mana hidhaatti du'aniiru. Abbaan keenya kana hundaa osoo hin argiin du'uun isaa obbaafachuudha. Hojii ijoollee isaas tahe dhala dhala isaa boonsu hojjetee du'e. Duu'ti kan akka abbaakoo hin argamu.Tokkummaa biyyaa fi jaala biyyaa guddaa nama qabu ture abbaankoo. Isa jaallanna, isatti boonna.
oduu-45873364
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45873364
Pirezidantiin Yugaandaa Museviniin Kaani West fi Kim Kardaashiyaanif maqaa baasan
Pirezidantiin Yugaandaa Yuwerii Musevinii weellisaa raapparii Yunaayitid Isteet Kaani West fi haadha warraa isaa Kim Kardaashiyaanif maqaa Yugaandaa baasan.
Weellisaan raappari kuni isaan dubbisuuf masaraa mootummaatti imalani ture. Akka waajjirri masaraa mootummaa Musevinii jedhetti, Kaani Westif maqaa Yugaandaa Kaniyesigiye jedhamu kennanif. Hiikni isaas ''nan amana'' jechuudha. Haadha warraa isaa Kim Kardaashiyaan immoo Kemigishaa jedhanin. Hiikni isaa, ''kan Waaqaan eebbifamte'' jechuudha. Waajjirri masaraa mootummaa akka jedhetti weellistonni lammanuu maqaa baasaniifin gammadaniiru. Kaani West ji'uma darbe maqaa isaa Ye jedhe jijjiiree ture. Weellisichi Yugaandaa akka biyya isaa lammataa akka ilaaluufi mana barumsaa turizimii biyyattiitti hundeessuu akka yaada qabu himeeraa jedha waajjirri masaraa Obbo Musevinii.
oduu-47413030
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47413030
Koloneel Rijaal Umar Abbaa Diimaa: 'Dargaggeessa' umrii 108?
Koloneel Rijaaluun umuriinsaanii 108 moo 80? Moo kanaa gadi? Gaaffii namoota hedduuti.
Qaamaan gaheessa fakkaatu, umriin koo garuu kan haraageessaati kan jedhan Koloneel Rijaaluu Umar Abbaa Diimaa dubbii ijoo sabaa-himaalee hawaasaa erga tahanii bubbulaniiru. Biyya keenyatti waa'een umrii jaarraa tokko oli (100) yeroo hedduu mataduree falmiiti. Waggoota muraasaan durattis miidiyaaleen biyya keessaa maanguddoo Dhaqqaboo Eebbaa jedhaman kan umriin koo 165 jedhan dhiyeessanii ture. Dhuguma umriin dhala namaa, keessattuu kan gaheessotaa saayinsiin attamiin mirkanaa'a? Isa kana gara boodaatti itti deebina. Ammaaf garuu seenaa maanguddoo kanaa dursina. Godina Jimmaa naannoo Toobbaatti kan dhalatan Kolonel Rijaal Umar, wayita ammaa magaalaa Jimmaa keessa jiraatu. Nutis turtii isaan waliin taasisneen ajab! jenneerra. Gaaffiifi deebii isaan waliin goone keessaa muraasa akkasitti dhiyeessina. BBC: Umriin keessan 108 waan jedhu dhageenye. Kun sirriidhaa? Kol. Rijaal: Sirriidha. An bara Xaawonii (belaa) sanayyuu dhaladheera. Bara 1932 irraa jalqabee waraana biyyoolessaa (Xintaawi Itoophiyaa Jagnooch Arbanyooch) keessatti tajaajilaan ture. Ilmi koo inni angafaa umriisaa 75'n boqoteera. Kan galmeerra argamu waggaa 108 haa tahu malee, isaa ol umriin koo. BBC: Ijoollee meeqa qabdu? Kol. Rijaal: Ijoolleen xixinnoon hin lakkaa'amanu. Namni hojii mootummaa qabatee, biddeena mana kootii dhiisee bahe 12. BBC: Haadha warraa meeqa qabdu? Kol. Rijaal: Du'aan nama sadidha anarraa kan adda ba'e. Warreen kaan ammoo gaduman dhidhiise. Gara nama 12 ol fuudheera. BBC: Umriin dheeraan kan maatiiti moo? Kol. Rijaal: Obboleessi koos dulloometi kan inni du'e. Abbaan koos waggaa 130 biyya duuniyaa taa'ee ka'etiyyii, 'an 130' otuma jedhuu gara waggaa 30 taa'ee, bara 1942 wayitan an Kooriyaa jirudha kan du'e. BBC: Umriin koo 108 jettu, fuulli keessan ammoo kan gaheessaati. Sababani kanaa maal jettu? Kol. Rijaal: Amma namni na dura fiigee bu'u yoo jiraate, Birrii Itoophiyaa 10,000 nan qabsiisa. BBC: Fiigichaan moo? Kol. Rijaal: humna isa kaminiyyuu yoo tahe. Yeroo ammaa yoo deebisanii na fudhatu yoo tahe, waraana keessatti hirmaadhee wanta guddaasaa hojjechuun barbaada. BBC: Sabani isa kanaa maal? Kol. Rijaal: Rabbi! Rabbituyyii ilmakoo jaarsa godheeti, anammoo dulloomaa godhe. Ilmi kan koo inni jalqabaa magaalaa Jimmaa dhufee mana jireenyaasaa bituuf deeme. Achiis Abbaan seeraa Abdoo jedhaman, Tafarii Rijaal jedhanii yaaman, (ilmasaaniiti). Innis 'abeet' jedhe. Anaan ammoo Rijaal Umar naan jedhan, 'abeet' jedhe. Achii 'kolfanii', maqaa keessan akka faranjii wal jala geeddartan moo? Eenyu abbaan? eenyu ilmi? kan jedhan na yaadadha. BBC: Waa'ee umurii keessanii kana mirkaneessuu danda'u dokumentii nutti agarsiisuu dandeessuu? Kol. Rijaal: Guutummaa isaan qaba. Isiniifan kenna. BBC: Waraana Kooriyaa hirmaattanii dhageenye. Kun dhugumaa? Kol. Rijaal: Dhugaadha. Irratti hirmaadheera. Waggaa shaniin taa'e. Namni si'a lama narratti geeddarame. BBC: Waraanni Kooriyaa lameenii seenaa keessatti akka faranjootaa bara 1950irraa eegale. Akka biyyatti ammoo... Kol. Rijaal addaan kutuun: Akka biyyaatti 1943 hanga 49tti. BBC: Nama umurii meeqaa turtan wayita san? Kol. Rijaal: Yeroon gara Kooriyaa deemu ijoollee afurin qaba. BBC: Waraana kanaa keessaa wanti yaadattan? Kol. Rijaal: [Kokkolfaa] wantin yaadadhu keessaa, ijoollee Arbaa Minci'tuyyii foon jaallatanii. Horiin qalamee jennaan, foon nyaataa wayita jiranii, galaa gannee hin deemnu jedhan. Bokkaa cimaasaatu roobaa jira. Isa jarri foon nyaataa jiran kana ilaalanii, namoonni nama nyaatan dhufan jedhanii baqatan. Injifannoo guddaasaatin galle, rasaasa tokko osoo hin dhukaasiin. BBC: Waldaa duultota Kooriyaa Finfinnee jiru keessa miseensaa? Kol. Rijaal: Eeyyeen miseensan ture. Bara mootummaa Dargii keessa haqamee jira. Ergasii garuu faayidaa addaa argachaan jira. Ijjoollee koof illee kaffalatii ni godhu. Waggaatti Doolaara Ameerikaa 10,000 naaf kennani. BBC: Eenyutu kana isinii godhaa jira? Kol. Rijaal: Mootummaa Kooriyaa. BBC: Waldicha keessaa hiriyoota qabduu? Kol. Rijaal: Jiru. Dadadhaboodha jarri. Gurri jaraa badaa hin dhagahu. Na arganii 'ati ilma Rijaali? naan jedhu. Anis 'anuma Rijaal' jedheen deebisaaf. BBC: Namoonni baayyeen ni sobdu isiniin jedhu. Maal jettu kanaaf? Kol. Rijaal: Waa'ee kanaatif hin dallanu. yeroo tokko kanin yaadadhu, bara 1968 [soorama] fudhachuuf Finfinnee demeen ture. Buukii geeddarachuuf wayitan jedhu hidhameen ture, guyyaa torbaaf. Bakka bu'insa Rijaal qabdaa? Rijaal nama waggaa 65ti,'' naan jedhan. Anumaa jedhee deebisnaan, fuudhanii na hidhan. Kanaaf jennaan kun naaf haaraa miti. Rijaal du'eera naan jedhu. Garuu ani hin duune jira. Wantin ani godhu hinjiru. Uumama Rabbiiti. Anillee yeroo yeroo ofan jibba, maaliifan jiraadha laata biyya duuniyaarra jedhee. Yeroo yeroommoo nan gammada, teknooloji yeroo ammaa jiru kana arguudhaaf. Waan namni jedhu silumaayyuu an wahiitti hin dabalu. BBC: Facebook kanafaa qabduu? Kol. Rijaal: [Okkokkokko!! Dhaadachaa] sitti himaan jira mitii, Facebook, Imo.... Waayifaayii mana keessaan qaba. Maal jetta ati? Amma durban fudha. BBC: Fayyaa keessanirratti wanti jijjirame? Kol. Rijaal: Wanti hir'ate hinjiru. Guyyaa qofa muguu jalqabeera. BBC: Jimaa qaamaatuu? Dhugaatii keessaahoo? Kol. Rijaal: Lakkii ani jimaa harkumaan qabee hinbeeku. Waammoo nan dhuga. Samii keessaa xayyaara hin nyaadhuu, lafaa biyyoo hin nyaadhu. Saayinsiin maal jedha? Koloneel Rijaal umriisaanii saayinsiin mirkanessuuf ogeessa fayyaa bira deemuusaanii gaafannee, ''Yeroo tokko mana jireenyaa naaf ijaaruuf jedhanii, jarri Kooriyaa ilkaan narraa muranii qoratameera. Lakkoofsaan amma himaa jiru ol tahee jennaan itti aaree dallanee biraa deeme,'' jedhu. Walfakkaachuu dhabuu umrii fi fuula Koloneel Rijaal ilaalchisee ogeessa fayyaa ka tahe, Dr. Nuraddin Lukee dubbisneerra. Itoophiyaa keessa dhimmi umurii wlafamisiisee gara dhaabbata fayyaatti dhufuu kan quba hinqabne tahuu kan dubbatan Dr. Nuraddin, dubartoota gudeeddiin irratti raawwatame mirkaneessuuf qorannoon akka taasifamu ni dubbatu. Kanneen umriin isaanii 22 gadi naannoo ciqilee fi barruutti raajii (xray) kaasuun kan beekamu yommuu tahu, gaheessootaaf garuu adeemsi isaa adda jedhu. Ogeessi fayyaa kun dabalanii waan jedhan namoota kanneen akka koloneel Rijaal, qorannoo qaccee sanyiin (DNA) ilaalamuu danda'a jedhu. Kunis gulantaa dogongoraa waggaa shanii qaba jedhu. Garuu qorannoon akkasii biyyattii keessa jiraachuusaa quba hinqabu jedhu. Akka ibsa Dr. Nuraddiinitti, ilkaan irraa saamudni fudhatamee kan ilaalamus ni jira. Kunis qulqullina ilkaaniin walqabatee dogongora qabaachuu danda'a jedhu. BBC'n umrii Kolonel Rijaal hangfa yoonaatti mirkaneffachuu hin dandeenye. Tarii Kolonel Rijaaluun, umuriisaanii gama saayinsaawaa ta'een mirkaneeffachuuf biyya alaa deemuu qabu jechuudha.
56701820
https://www.bbc.com/afaanoromoo/56701820
Itoophiyaan Hidha Haaromsaa bishaan guutuu jalqabuu dura Sudaaniifi Masiriin ogeessota akka bakka buufatan gaafatte
Itoophiyaan Hidha Haaromsa Laga Abbayyaa (GERD) marsaa lamaffaa bishaan guutuun osoo hin jalqabiin dura odeeffannoo waljijjiiruun akka danda'amuuf Sudaaniifi Masiriin ogeessotasaanii akka filatanii bakka buufataniif hafeeruu Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii beeksise.
Ministirri Bishaan, Jallisiifi Injarjii Injinar Silashii Baqqalaa (PhD) xalayaa ministeerota bishaanii biyyoota lamaaniif barreessaniin sagantaan Hidhaa bishaan guutii itti aanu baatiiwwan Ganna dhufu keessa akka gaggeeffamuufi bu'uura waliigaltee kanaan dura irra gahameen odeeffannoo barbaachisaa ta'e kennuun akka danda'amuuf ogeessota isaanii akka beeksisaniif gaafataniiru. Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin dhimma Hidhaa Haaromsa Laga Abbayyaa bishaan guutuufi adeemsa itti aanu irratti mariin waggootaaf gaggeessaa turan bu'aa tokkollee osoo hin argamsiisiin Itoophiyaan bishaan marsaa lammaffaa guutuudhaaf qophaa'aa akka jirtu beeksifteetti. Torban darbe keessa gaggessummaa Gamtaa Afrikaatiin magalaa guddoo Dimokiraatika Rippabilika Koongoo, Kinishaasaatti mariin taasifames bu'aa malee erga xumuramee booda kan Itoophiyaan Sudaaniifi Masiriin odeeffannoo waljijjiiruun akka toluuf ogeessota isaanii akka beeksisaniif gaafatte. Waamichi gama Itoophiyaatiin dhiyaate kun garee saayinsii biyyaalessaa walabaa biyyoota sadaniin waliigalteerra gahameen sagantaa bishaan guutuu bahe bu'uureffachuudhaanidha. Waggaa lamaffaatiif bishaan guutuun ji'oota Waxabajjiifi Adoolessa keessa kan gaggeeffamu yommuu ta'u, haala bokkaa ilaalcha keessa galchuunis ji'a Fulbaanaallee dabalachuu akka danda'us ibsameera. Haala Hidhi Haaromsaa irra jiruufi yeroo bishaan guutuun irra jiraatu waqtiin Gannaa Itoophiyaa dhiyaachaa akka jiru eeruun, dhimmoonni hojiitti jijjiiramaniifi irratti quba walqabaachuun barbaachisan ilaalchisee waliin hojjechuu akka feesisu Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii ibseera. Sudaaniifi Masiriin odeffannoo waljijjiiruuf ogeessota barbaachisan ramaduun isaanii hanga mariin biyyoota sadan gidduutti jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin gaggeeffamaa jiru fala barbaachisu argamsiisutti toora odeeffannoo ittiin waljijjiiran mijeessuufi wal amantaa uumuuf fayyada jedheera ministeerichi. Kanaan dura Sudaaniifi Masiriin bishaan marsaa lamaffaaf osoo hin guutiin dura waliigaltee qabatamaa tokkorra ga'amuu akka qabu gaafachaa turanis, gama Itoophiyaatiin garuu kun fudhatama hin arganne. Marii Kinishaasaa Kibxata darbe bu'aa malee xumurameen booda akkaataa ittiin bishaan guutamu, bishaan qabatamuufi itti gadhiifamu ilaalchisuun waliigalteerra gahuudhaaf Itoophiyaan qophii ta'uu ishee Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii eeree ture. Haata'u malee Sudaaniif Masiriin, "Gahee bishaan Itoophiyaa kan daangessu garuu qooda bishaan kan isaanii ammoo kan mirkaneessu waliigalteen dirqamsiisu taasifamuu qaba malee jechuun ejjennoo waan qabataniif," mariin ture hin milkaa'iin hafuu beeksiseera. Yaadni Masiriifi Sudaan irra deddeebiin waliigalteen dirqamsiisu osoo hin taasifamiin Hidhaa kana bishaan guutuun hin ta'u jedhan, "bu'uura seeraa kan hin qabneefi mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti fayyadamuu qabdu dhiibudha waan ta'eef fudhatama hin qabu," jechuun fudhatama dhabsiifteetti Itoophiyaan. Iaajrsi Hidhaan Haaromsa Laga Abbayyaa Itoophiyaa erga jalqabamee waggaa kudhan kan ta'e yommuu ta'u, akkaataa bishaan itti guutamuufi adeemsa itti aanu ilaalchisee Itoophiyaa, Sudaaniifi Masirii gidduutti mariin waggootaaf gaggeeffamaa ture bu'aa tokkollee osoo hin argamiin hanga ammaa tureera. Marii jarrsummaa Gamtaa Afrikaatiin gaggeeffamu kanaan dura Finfinneetti, Kaartumitti, Kaayiroofi Waashingiteenitti jilli biyyoota sadanii walarguudhaan gaggeeffamaa kan ture yommuu ta'u, sababa weerara koronaavaayirasiitiin yeroo mursaasaaf erga addaan cite booda karaa toora interneetii itti fufeera. Kana dura qondaaltonnni Pirezidantii duraanii Ameerikaa Donaald Tiraamp irratti qooda fudhatan Waashingitanitti taasifamaa ture waliigalteerra gahamuuf fiixerra gaheera jedhamee ture. Haata'u malee, yaadni dhihaate faayidaa biyyaalessaa kiyya hin eegsisu jechuun Itoophiyaan osoo hin mallatteessiin hafuun ni yaadatama. Hidhi Haaromsa Itoophiyaa dolaara biiliyoona 5'tti siquun ijaaraa jirtu xumuramuuf % 20kan hafu yoo ta'u, gaafa xumurame Afrikaarraatti pirojektoota bishaan annisaa elektirikii maddisiisan keessaa isa jalqabaa ta'a. Gaafa hidhi laga dheerinaan addunyaarraatti tokkoffaa ta'erratti ijaarame xumurame ibsaa megaa waatii 5,000 ol maddisiisa. Waggaa darbe ganna keessa marsaan jalqabaa bishaan guutuu kan gaggeeffame yoo ta'u, kan lammataa ganna kana akka raawwatu mootummaan Itoophiyaa ibseera. Waggaa dhufu humna elektirikii maddisiisu eegalas jedhameera. Itoophiyaan ammoo ummata biyyattii walakkaa ol ta'uufi dukkana keessa jiruuf akkasumas damee indastirii guddataa jiruuf humni elektirikii akka ishee barbaachisu ibsuun ijaarsa waggaa kudhan dura eegalte xumuruuf jirti. Masriifi Sudaan durumaa hidhi Itoophiyaan ijaartu bishaan nutti yaa'u hir'isa jechuun mormaa gaafa kaan doorsisaa turan. Tibbana Pirezidantiin Masrii hammi bishaanii Masrii gahu yoo xiqqaate naannichatti rakkoon dhalata jedhanii dubbatanii ture. Itoophiyaan irra deddebbiin bishaan Abbayyaa kan fayyadamtu pirojektoota bishaan daangaa ishee keessa hambisaniif akka hin taane ibsaa turtuus keessumaa Masriin wanti Itoophiyaan ijaartu waliigaltee isaanii malee raawwatuu akka hin qabne ibsaa turte. MM Abiy Ahimad dhihoo Paarlaamaatti argamanii dubbii taasisaniin ''erga waliigalle booda bishaan guunna yoo jenne ganni darbe waggaatti dolaara biiliyoona 1 nu dhabsiisa'' jechuun tursiisuun akka hin danda'amne himaniiru. Ministirri Bishaan, Jallisiifi Annisaa Itoophiyaa Dr. Injinar Silashii Baqqalaa marsaa lammataaf bishaan Abbayyaa guutuun yeroo biraaf akka hin dheeranneefi adeemsa kanaafis geessisu hin jiru dubbatanii turan.
oduu-48660341
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48660341
Yeroon Roobotonni gibira kaffalan gahee?
"Guddinni teeknooloojii magaloota keessatti dabalaa jira. Magaloota saneen keessatti fuudhafi heerumni xiqqachaa, yakki dabalaa, sababa namoonni bayy'inaan of ajjeessaniif duuti bayyachaa, rakkoolee sababa alkoolii dhuguufi itti fayyadama qorichaatiin dabalaa jira," jedhu Dr Kaarl Freey.
Roobotiin Soofiya lammummaa Sawudi Arabiyaa argatte Akka Dr Freel jedhanitti hojjattoonni dhabbatoota garagaraa sababa roobootiitiin hojiisaanaii dhabaa jiru. Kanaafuu yoo mashinoonni bakka keenya bu'an maaltu ta'uuF deema? Galii Hojjatoonni hojiisanii yoo dhaban gibira hin kaffalan. Biyyoota dhihaa heddu keessatti iyyata hojii dhabeessumma galfatu jechuudha. Kun immoo biyyootaaf mata dhukkubbi guddaadha. Fakkenyaaf, Ameerikaa keessatti gibirri mootummaa federaalaa sassaabu %48 namoota dhunfaarraa, %35 hojjattootafi hojjachiisaa dhabbatarraa, %9 qofa kan dhabbatootarra argama. Galii mootummaan dhabaa jiru foyyeessuf namoonni hedduun roobotoonnis gibira kaffaluu qabu jechaa jira. Teeknooloojii Guddinni saayinsiifi teeknooloojii yeroo hedduu akka guddinattis ammoo akka danqettis ilaalama. Konkolaatoonni konkolachiisaan alaatti hojjatan amma amma xiqqaachaa jiru Guddinni indaastirii jalqabaa akka nuti bu'a bineeyladootarra adda baanu nu taasise. Guddinni indaastirii lammaffaan immoo gara itti fayyadama elektiriikiifi oomishaa bal'atti nu geesse. Barri komputaraa immoo oddeeffannoo gahaa ta'e saffisaan akka argannu nu gargaare. Guddinni indaastirii inni afraffaan immoo robotiifi 'artificial intelligence' waliin wal qabata. Kunis jijjiirama sirna oomishaa, hoggansaafi bulchiinsaa guutummatti fida jedhame eegama. Daangaan, saffisniifi gad fageenya jijjiirama kanaaf seenaa keessatti mul'atee hin beeku. Qaraxa Waggaa lama dura hogganaan 'Microsoft'fi dureessi beekamaan, Bill Gates yaada robotiin qaraxa mootummaa kaffaluu qabu jedhu fide. Warshaalee heddu keesssatti robotonni bakka dhala namaa bu'anii hojjachaa jiru "Guddinni teknoloojii waliin wal qabate gibirri akka jiraatu abdii qaba. Yeroo ammaa kanatti hojjattoonni warshaalee keessatti hojii abbaa $50,000 hojjetu haa jennuu, kan keessatti karaa garagaraan mootummaadhaa gibira ni kaffalu. Osoo roobotiin hojiiwwan dhalli nama hojjatan kana hojjatan ta'ee gibira ni kaffalu jenne hin yaannu," jedha Bill Gates. Elon Musk abbaa qabeenyaa hojiiwwan teeknooloojiirratti boba'e yoo ta'u innis roobotoonnis gibira kaffaluu qabu jedha. Yaadichi salphaadha: roobotiirra gibira sassaabuun barnoota, fayyaa yookiin madda galii namoonni akka qabaatan gochuudha. Biizinasii Fuulleffachuu Garuu akkamitti roobootoonni gibira kaffalu? Roobotonni hojiiwwan kalaqaarrattiis cimaa jiru- akka fakkii kaasu "Qaamaan deemtanii roobotii arguu hin qabdan. Sirna kaffaltii gibira komputaraan hojjatu qabaachuu ni dandeettu. Biizinasii hojjatoota muraasa qaburratti xiyyeeffachuudha. Haaluma wal fakkaatuun mootummaanis gibira hir'isuu qaba, "jedhu UK keessatti Piroofeesar seerafi tajaajila fayyaa kan ta'an Ryan Abbott. Akka namoota baay'ee piroofeesar Ryan, roobootoota amala dhala namaa qaban qofa irratti osoo hin taane mashinoota 'artificial intelligence' ta'an hundarratti ta'uu qaba jedhu. Dabalataanis namoonni sadarkaa isaaniitiin madalamaa akka hin jirre kaasu. Yaadni kun namoota hundaan waan irratti waliigalame miti. "Roobotoonni akka gibira kaffalan gochuun furmaata hin ta'u. Dhabbileen baay'een hojii kana keessaa bahuu danda'u. Dhabbileen xixiqqoofi giddu galeessa ta'antu rakkatu, " jedhu Dr. Janet Bastiman. "Dhalli nama hojii jijjirachaa jiru. Omishaarratti hirmaachaa hin jiran. Dhabbileen bu'aa qabeeyyii ta'an dabalaa jiru, kanaafuu isaantu gibira kaffaluu qaba, " jedhu Dr. Janet. Roobotoonni akka gibira kaffalan gochuun jedhu Dr Janet, "akka dhalli nama waan harawa hin uumne taasisadha". Garuu namoonni teknolojiin namoonni muraasni qofti jireenya isaanii akka foyyeessanitti qeequ. Hojii dhabdummaa Hojii dhabdummaa lakkoofsaan guddaa ta'e uumamuu heda. Mashinii geejjiba bineeyladootaa irratti jijjiirama fide Kanaaf fakkeenya kan ta'uu danda'u adduunyaa Ispoortiiti. 'Cricketiifi kubbaan miilaa amma ammaatti murtee dirree keessa jiru dabarsuuf teknolojii fayyadamu. Itti fayyadamiinis teknolojii murtoo dogongoraa dhala namaan darban foyyeessurratti gahee guddaa qabu. Haata'u malee hoj-dhabdummaan warshaa daakuu kanarra adda. Walii galteen siyaasa gibira roobotii ammaf jiraachuu baatus, namoonni siyaasa keessatti hirmaatan garuu jijiirama guddinni teknolojii fiderratti yaadota garaagaraa kaasu.
oduu-44232506
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44232506
Guyyaa Idiladdunyaa Fistulaa Dhaabuu: 'Fistulaan abaarsa miti'
Kaleessa Roobii guyyaan dhibee Fistulaa ''Obstetric Fistula'' dhaabuutu sadarkaa idil addunyaatti kabajame oole. Akka gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa jedhutti biyyoota Sahaaraa gadii, Ezhiyaa, biyyoota Arabaa, Laatiin Ameerikaafi Kaaribiyaan keessatti walumatti dubartoonni miiliyoona 2tti siiqan dhibee kanaan dararamaa jiru.
Rakkoon fayyaa kun dahumsa wajjin walqabatee kan dhufu ta'uu isaatiin dhibee dhaabuun danda'amuudha. Akka ragaan garaa graa mullisanitti Feestullaan dhaabbata fayyaatti da'uu dhiisuun ciniinsuun yeroo dheeraaf namarra turuutiin mudata. Osoo umuriin hin ga'iin eerumuunis akka rakkoo kanaaf sababa ta'u qorannoon dhibee kanarratti taasifaman ni mullisu. Rakkoon fayyaa kun erga uumamees wallaansa barbaachisu argachuu dhabuun rakkoo fayyaa ta'uurra darbee kan hawwaasummaafi dinagdeellee ta'uun mullata. Kun ammoo dhibeen Feestullaa rakkoo bobbaa gosa lamaanuu ykn lamaan keessaa tokko qabachuu waliin waan walqabatuuf maatii ofiirraallee dabalatee hanga adda nama baasuutti ykn qoollifamuutiif geessisa. Hospitaala Fistulaa Hamiliinitti Ogeessa Gadameessaafi Ulfaa Wallaansa Fistulaa Dr. Yashiinehu Dammiraw kan ta'an dhibee kana ilaalchisee BBC waliin turtii taasisaniiru. Dr. Yashiinehu Hospitaalichi erga hundaa'ee waggaa 6o ta'uu ibsanii dame isaa kutaa biyyaa bakka gara garaatti banuun dhibee kanaaf kaffaltii tokko malee wallaansa kennaa akka jiru dubbatu. Wallaansa fayyaa kennuu qofa osoo hin taane, rakkoo qoollifanaa waliin walqabatee irra ga'u akka mo'ataniif leenjii hojii uumuufi of danda'uu akka kennanis ibsaniiru. Ogeessi kun ka'umsi rakkoo kanaa da'umsarratti akka ta'e ibsuun, dhibee fayyaarra darbee rakkoo hawwaasummaafi dinagdee haadhotii ta'uu dubbatu. Dr. Yashiinehu qorannoo gaggeeffame jiraachuu baatus, dhibeen Feestullaa hawwaasa keessatti hubannoo argateera. Kanaan dura akka dhibee irraa hin fayyineefi dheekkamsa Waaqayyooti jedhamaa akka ture himanii, amma garuu sababii dhibee kanaa hubatanii irraa fayyuun akka danda'amullee hubatameera. "Gaaffiin jiru eessattin wallaansa argadhaafi attamittan deemee wallaanamaadha. Kanaaf ammoo dhaabbileen akka kanaa akka jiran odeeffannoo kennuudha," jedhan. Tajaajilli da'umsaa baadiyyaatti baballataa jiru rakkoo kana xiqqeessaa jiraachuu eeranii haadholiin hordoffii barbaachisu akka taasisaniifi dhaabbileen fayyatti akka da'an jajjabeessuun barbaachisaa ta'uu dhaamaniiru. Aadde Birillee Mohaammed naannoo Jimmaarraa wallaansa dhibee Feestullaatiif bara A.L.I 1987 gara Hospitaala Hamiliin dhufte. Umurii waggaa 14 osoo jirtuu bosona keessatti dirqamaan gudeedamtee akka dhibee Feestullaaf saaxilamte yaadatti. Haalli ture ibsuuf raakisaadha kan jettu Birilleen, gudeedamurraan kan ka'e ulfaa'uu dubbatti. "Kan na gudeede jaarsa guddaa tokko ture. Ciniinsuun na qabee da'uus hin dandeenyee guyyaa dheeraa narra ture. Dhumarratti torbanii booda mucaayyu qaama kukkutaanii baasan. Kun waggaa 20 dura, garuu yeroon yaadadhu dhibeen Feestullaa ammam akka suukaneessaa ta'en yaadadha," jette. Yeroo sanatti karaa faranjoota mishinii naannoo itti dhalatte jiraniin gara Finfinnee akka dhufte himtee, namoonni yeroo sana waan ishee mudate sana abaarsa sababii cubbuu maatiin isheen hojjetan akka ta'e yaadatti. Rakkoon qoollifannaa irra ture hamaa akka tures ni yadatti Birilleen. Qofaa godoo keessa jiraataa akka turteefi namoonni waa'ee ishee yaada gara graa dubbachaa turuu dubbatti. "Intala abaarsaa waan taateef kun mudate kan jedhan jiru. Kaan ammoo yeroofidha malee takka turee si dhiisa naan jedhu," jetti. Erga gara Hospitaalaa geessee kan duraan abaarsaan akka irra ga'e yaadaa turte warren rakkoo kan ishee waliin walfakkaatu qaban argitee jajjabaachuus ni dubbatti. Birilleen dhibeen Fistulaa abaarsa akka hin taane barte. Dirqamaan gudeedamuun walqabatee miilli ishee sadarkaa irraa muramuutti dhiyaatee ture jetti. Dhumarratti garuu wallaansa yeroo dheeraatiin rakkoo Feestullaafi miilla isheerra ga'ee fayyitee Birilleen ar'a leenjii ogummaa fudhattee namoota dhibee kan ishee waliin walfakkaatuuf wallaansa fayyaa gochaa jirti. "Ani fayyee umuriin naaf dabalamee akkan namoota tajaajilu carraa argachuukoo baayyee na ajaa'iba. Kanaaf, namoota yeroon tajaajilu gammachuudhan. Warri waggaa dheeraa na duukaa dhama'aa turan namarraa osoo hin taane Waaqarraa qofaa argatu," jechuun miiraan ibsiti Birilleen.
oduu-51435490
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51435490
'Sagantaan kun kallattii isaa jijiirateera jedhamuun dhorkame'-Koree
Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee magaala Gudaritti sagantaan Dilbata dhagaa bu'uuraa siidaa yaadannoo Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir dhaabuuf qophaa'e mootummaan dhorkamuu Koreen sagantaa kana qindeessu beeksise.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee magaala Gudar keessatti sagantaan galii walitti qabuu dargaggoota qaabsoo baroota darban keessatti naannichaa miidhaman garagaaruufi siidaa yaadannoo Maammoo Mazammir har'atti qophaa'ee ture Bulchiinsa aanichaan akka hin gaggeeffamne dhorkamuu koreen saganticha qopheessaa ture beeksiseera. Walitti qabaan Koree kanaa Ajajaan Dhibbaa Baqqalaa Magarsaa Koreen kun jalqaba ijoollee qabsoo baroota darbanii keessatti naannoo kanatti hirmaatanii miidhamaniif deeggarsa walitti qabuuf yaadamee koree hundaa'e akka ta'e BBC'tti himaniiru. Karoora kana Bulchiinsa Aanaa Tokkee Kuttaayees itti amanee deeggarsa barbaachisu gochaa turee kan jedhan ajajaa Dhibbaa Baqqalaan saganticha bal'isuun yaada siidaa yadannoo Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir itti dabalamu dubbataniiru. Bulchiinsi aanaa yaada kanattis waliigalee sagantaan guddaan keessummootni naannolee biroorraa irratti afeeramanii erga qophiin xumuramee booda, Kaleessa sa'aa afuritti qophiin kun akka hin gaggeefamne dhorkamuu koree kana keessatti dargaggoon simannaa keessumootaarratti hojjetu tokko nutti himeera. ''Qophiin hundi erga xumuramee sagantaan kun kallatti isaa jijiirateera jedhamuun akka hin gaggeeffamne dhorkamee, miseensonni koree kanaa namoonni jahas hidhaa bulan'' jedha dargaggoon miseensa koree kanaa ta'e. ''Warri mootummaa ganama sa'aa afuritti sagantaa kana isin adeemsisuu waan hin dandeenyeef dhaabuu qabdu nuun jedhan, kan jedhan Ajajaan dhibbaa Baqqalaan, ''qophii hunda erga xumurree booda maaliif dhaabna jennee hanga bulchiinsa Godinaattii dhaqnee gaafannus deebii gahaa hin argannee jedhu. Tiishartiin Mammoo Mazammirii hanga Maammush jedhu maxxanfamee, maallaqni 50,000 ta'u keessumoota gaggeessuuf baasii ta'eera jedhan. ''Sagantaa kun waan daandii gadhiise hin qabu, namni baayyeen sagantaa kanatti dhufaa jira haa gaggeesinu jennee jaarsolii qabannee bulchiinsa Godinaas dhaqnee kadhannee fudhatama argachuu hin dandeenye'' jedhu A/Dhibbaa Baqqalaan. Yaliin qamolee mootummaa waliin mariyatanii qophicha har'a raawwachuuf taasisan milkaahuu waan hin dandeenyeef galgala kaleessaa sagantichi yeroo hin murtoofnetti akka darbu murteessuus dubbataniiru. Keessummoota sagantaa kanatti affeeraman irraa gammachuu waan hin qabneefi aajandaa dhaaba siyaasaa mormituuti jedhanii yaadaanii murtee kana murteessuu wantootni akeekan akka jirus miseensonni koree kanaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan BBC'tti himaniiru. Keessummoota affeeraman keessa obbo Jawaar Mohaammd jiraachuufi kun qaama mootummaa akka hin gammachiifne ajandaan kunis kan dhaaba KFO akka ta'eetti fudhatamuus miseensi koree kanaa biroon BBC' himeera. Humni addaa naannoo Oromiyaa magaalittii keessatti bal'inaan socha'aa jiras nuun jedhe. Namoonni jaha Koree kana keessaa qabaman mana hidhaa bulanii ganama kana maangudoonni dhaqanii qaamolee mootummaa waliin mariyachuun akka hiikaman godhamuu ammoo Ajajaa Dhibbaa Baqqalaatu nutti hime. Ijolleen 18 ta'an baroota darban kana aanaa Tokkee Kuttaayee keessattu du'aniiru, namootni 22 ol ta'an ammoo miidhaan cimaan irra gaheera. Kanneen qaamni isaanii hir'ate kanneen ijji isaanii arguu dhabeefi fincaan to'achuudadhabanii daayioparii fayyadamullee jira jedhan Ajajaan dhibbaa Baqqalaan. Mootummaan maaliif dhorke? Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaatti hogganaan sabqunnamtii Obbo Taayyee danda'aa fuul feesbuukii isaaniirrattii ganama kan barreefama maxxansaniin aangoon siidaa dhaabuu kan mootummaa waan ta'eef sagantaan Gudar dhorkamuu waan akeeku barreesaniiru. ''Paartiin tokkichi seeranis ta'ee aadaan aangoo siidaa gootaa ittiin dhaabu hin qabu. Aangoon kan mootummaati. Mootummaan jiraatuu amannaan seerri kana. Mootummaa haallaan garuu seera alummaatu seera ta'uufi. Akki sun ammoo kanaa achi hin hoofu!'' jedhaniiruu. Gooti tan biyyaati! Siidaa isaas biyyatu ijaara! Biyyi ammoo mootummaan gegeeffamti! Kootii mormituu fi kootii mootummaa wal faana uffatuun hin taatu! Mootummaan seera kabajuu qofa otoo hin taane kabachiisufis dirqama qaba! Kanuma! jechunis eerga aisaanii xumuraniiru. Obbo Taayyeen siidaa dhaabuuf socho'uun seeraa ala jechuun mootummaan seera kabachiisuuf dirqama qaba jechuun dhorkamuun sagantichaa qaama seera kabachiisuu akka ta'ee haa eeran malee Bulchaan aanaa Tokkee Kuttaayee garuu dhimmichi waayee qophii gahaan godhamuu dhabuuti jedhu. Bulchaan Aanaa Tokkee Kuttaayee obbo Taaddasaa Fedhasaa, ''sagantichi qophii gahan waan hin godhamneef yeroo biraatti akka darbu ta'e malee hin hafnee'' jedhan. Dura Koreen kun kan dhaabate ijoollee miidhaman gargaaruuf kan jedhuun malee waayee siidaa yaadannoo Maammoo Mazammiir dhaabuuf mitii kan jedhan obbo Taaddasaan, dhimmi siidaa dhaabuu guyyaa shanii as itti dabalamee jedhan. ''Koreen kun guyyaa lama dura siidaa yaadannoof dhagaa bu'uuraa kaahuu yaada jedhu itti dabalanii nu beeksisaniiru. Nuti ammoo guyyaa gabaabaa keesattii waan guddaa kana raawwachiuuf qophiin gahana hin jiru jennee irrattii walii hin gallee'' jedhan. ''Irratti qophaa'amee kabjni isaaf malu taasifamee, qaamni mootummaallee irratti hirmaachuu danda'u hirmaatee gaggeefamuu qaba miira jedhu keesa gallee.'' ''Akka yeroo qabaannee irratti qophoofnu yeroo isaatu achi siiqe malee sagantaan kun hin hafne'' jedhan. ''Dhagaa bu'uuraa kaa'uu qofa osoo hin ta'iin ijaaramuus qaba yaada jedhurraa malee dhaaba siyaasaa kamiinuu wal hin qabatuu, namni kamuu siidaa kana dura dhaabbachuu hin danda'uu'' jedhan. Bakki zeroo zeeroo jedhamu siidaan kun akka irrattii ijaaramu adda bahee turee yaadni jedhu jiraatuus obbo Taaddasaan eessattii ijaarama kan jedhurratti haasa'ameeyyuu hin beekuu jedhan. ''Mammoo Mazammir mallattoo Kuttaayeeti waan ta'eef kabaja isaaf maluun siidaan akka dhaabatuuf yeroo barbaachisa jenne'' jedhan. Dhaaba siyaasaa biraatu harka keessaa qaba jedhamuun dhorkamne kan jedhu gonkumaa dogongoraa jedhan. Yaadi siidaa ijaaruuf dhagaa bu'uuraa kaahuu dhimma siyaasaa of keessa hin qabu jedhan. ''Aarsaa qabsaa'aa kana dhaaba siyaasa wayiitti maxxansuun sirrii miti, akka mootummaatti ilaalcha akkasii hin qabnu'' jechuun yaada obbo Taayyee wajjiin wal dhiitu kennaniiru. ''Torbee dhufu keefnee kan koree kana walitti qabnee miseensa itti daballus itti daballee sagantaan kun yeroo gabaaba keessatti akka gaggeefamu goona'' jedhan. Mootummaan dantaa siyaasaaf jecha dhimma kana irratti dhiibbaa hin uumnee jedhamee gaaffii dhiyaateef dhimmichi dhimma siyaasaa miti mootummaan yeroo gahaa itti kennamee kabaja maluufiin siidaa akka dhaabatuuf malee sababa biraa hin qabuu jedhan. Maammoo Mazammiir eenyu? Koloneel Maammoo Mazammir abbaa isaanii Obbo Mazammir Habtee Dooriifi haadha isaanii Aadde Uumee Gurmeessaa irraa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gudar keessatti dhuma bara 1920'ootaa keessa dhalatan.Barnoota sadarkaa tokkoffaa magaalaa Gudar keessatti Mana Barumsaa Dajjaazmaach Baalchaatti baratan.Sadarkaa lammaffaammoo Mana Barumsaa Tafarii Mokonnin keessatti baratan.Barnoota sadarkaa lammaffaa boodas gara Harar imaluun leenjii barsiisummaa baratan.Erga barnootasaanii xumuranii booda achuma Hararitti leenjii loltummaa fudhatan.Achi keessattis qabxii olaanaa waan fidaniif gara Yuuniversitii Finfinnee deemanii digiriisaanii akka baratan carraa argatan.Bara 1962 Yuuniversitii Finfinnee irraa barnoota seeraatiin eebbifaman.Osooma mooraa Yuuniversitii Finfinnee jiranii namoota gameeyyii Oromoo waliin Waldaa maccaafi Tuulamaa jalatti walitti dhufan.Mooraa Yuuniversitii Finfinnee keessaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makamuudhaan Maammoo mazammir nama jalqabaa ta'an.Hanga murtoon du'aa itti murtaa'ee fannifamanittis waldaa kana jalatti qabsaa'aa turan.Mootiin yeroo sana biyya bulchaa ture Haayilesillaaseen Maammoo Mazammir haleellaa boombiidhaan raawwateera jechuun yakka irratti qindeessee himachuun akka fannifamu murtaa'utu himama.Maammoo Mazammir bara 1969 wayita murtoon du'aa irratti murtaa'u, dhiigi kiyya gatii malee hin dhangalaane, ana nama tokko balleessitanis Oromoon damee sagal ta'ee dhufa jechuun dubbatanii ture.
oduu-46220300
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46220300
Maalaawwiitti deessiftuun kutaa da'umsaatti suura of kaastee ari'amte
Maalaawwiitti narsiin deessiftuu tokko kutaa da'umsaa keessa hojjechaa jirtu keessatti suura mobaayila isheen of kaastee marsaalee hawaasaa irratti gadhiifte hojiirraa ari'amteetti.
Naarsiin deessiftuu Maalaawii kun kan akka hojii isheerraa ari'amtu taasise yeroo suuraa of kaastetti dubartiin da'umsarra jirtu duuba isheerraan mul'achuu isaati. Suurri ofee kun bal'inaan miidiiyaalee hawwaasummaa irratti qoqqodamee namoota hedduu dheekkamsiiseera. Ministeera Fayyaa Maalaawwiitti dubbi himaa kan ta'an Jooshiwaa Malangoo sagantaa raadiyoo 'BBC Focus on Africa' irratti suurri sun baayyee kan nama rifachiisudha jedhan. Dhimmichi gara Mana Maree Naarsootaatti akka ol darbu taasifameera, Manni Marichaas suura kana eenyu akka kaaseefi akka rabse qorachaa jira jedhan.
oduu-48362308
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48362308
Barreessaan beekamaa Keeniyaa Binyaavaangaa Waayinaayinaa du'e
Barreessaan beekamaa lammii Keeniyaa Binyaavaangaa Waayinaayinaa du'e.
Barreessaan kuni du'u isaa obboleessi isaa Jeemis jedhamu gaazexessaa BBC'tti himeera. Barreessaa Afrikaa keessaa beekamaa keessaa tokko kan ta'e lammiin Keeniyaa kuni dhukkubsachaa turu maatiin himaniiru. Barreessaan kun kitaaba 'How to Write About Africa' barreesseen beekama. Bara 2015'tti dhukkuba istirokiin dhibamaa ture. Binyaavaangaan mirga namoota 'LGBT'f mormuun beekama. Badhaasota kaan dabalatee bara 2014 badhaasa Kaayen (Caine Prize) fudhateera. Barreessaan umurii 48'n du'e kuni bara 2014 namoota dhiibbaa uuman addunyaa keenyaa 100 barruu Taayimin filataman keessaa tokko.
oduu-52160510
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52160510
Gootota koronaavaayirasii Afrikaa ja'an: Shubbistuurraa hanga dizaayinaroota faashiniitti
Afrikaa keessatti yeroo weerara koronaavaayirasii irratti duulamaa jiramu kanatti namoonni kaan ammoo carraaqicha gargaaruu waan addaafi ajaa'ibaa ta'e hojjechaa jiru.
Oduuwwan hamilee namaa jajjabeessan jaha kan gootonni guyyaa guyyaan hojjetan akka itti aanutti dhiyeessineerra. 1) Faashinii uffata dubartootaa irraa gara gaawonii ogeessota fayyaa qapheessuutti Uffata dubartootaa qopheessuurraa gara gaawonii hakiimotaatti Biyya Liibiyaatti faashinii uffata dubartootaafi ufannaa manneen amantaa qopheessuun maqaa gaarii qabu gara gaawonii hojjetoota fayyaa haalaan miidhagaa ta'e hojjetee dhiyeessuutti jijjiirame. Magaalaa guddoo Liibiyaa, Tiriipoolii keessatti dubartoonni ja'a warshaa huccuu Faashin Hawuus jedhamu keessatti doktorootaafi narsootaaf uffata yeroo wallaansa fayyaa kennan uffachuuf mijatu tolchaa jiru. Dubartoonni warshaa faashina itti qopheessaa turan kana gara uffata ogeessonni fayyaa uffataniitti kan jijjiiran fedhuu isaaniitiin. Hundi isaanii fedhii guutuufi gammachuudhaan kan hojjechaa jiran yoo ta'u gariin isaanii hojjetaadhuma warshichuma keessa bulaa jiru. Marsaa duraatiin uffannaa ogeessota fayyaa guutuu 50 kan qopheessan yoo ta'u marsaa lamaffaaf qopheessuufis hojiitti jiru. Hojjetoonni mana Faashin Hawuus uffata ogeessota fayyaa yeroo hojjetan Hojjetoonni fayyaa hospitaala magaalaa Tiriipoolii jalqaba torban kanaa yeroo uffanni kun isaaniif tolfamuuf safarataa turan baayyee gammadanii, kaka'umsa jirus jajatan. "Yaadni qajeelaa kun kan jalqabame yeroo doktarri hospitaala al-Jalaal magaalaa Tiriipoolii keessatti argamu tokko abbootii qabeenyaa gargaarsaaf gaafatetti ture," jechuun warra Faashin Hawuus hundeessan keessaa tokko kan taateefi shamarreen umurii ganna 26 Naajwaa Xaahir Shukurii BBCtti dubbatte. Mana biraandii uffataa kana kan jalqabde waggaa dura yoo ta'u yeroo fedhii qabdu guuttachuuf baballisaa jirtutti ture rakkoo uffata ogeessota fayyaa jiru guutuuf garasitti kan jijjiirte. Isheeniifi namoonni hodhuun ishee waliin hojjetan uffata wallaansa fayyaa caalmaatti omishuu barbaadu meeshaafi maashina ittiin hodhan dabalataa argachuudhaaf magaalaa walitti bu'insaan diigamte sana keessatti argachuun rakkoo itti ta'eera. 2) Mana kunuunsa fayyaa dura abaaboon faayuu Namoonni hojii faayaatti bobba'an manneen kunuunsi fayyaa itti kennamu bira deemuun abaaboon hedduun faayuun miidhagsu Weerarri koronaa kun sagantaawwan cidhaa hedduu qabamanii turan hedduun akka haqaman taasiseera. Sababa kanarraa kan ka'een abaaboowwan hedduun faayidaa malee akka cooligan ta'aa jira. Hata'u malee, gareen hojii abaaboon faayuutti bobba'an handhuura magaalaa wayinii omishuun Afrikaa Kibbaa keessatti beekamtu Paarl, walitti dufanii waan badaa keessaa kan baayyee gaarii ta'e hojjechuuf murteessan. Warshaa Abaaboo Adenee jedhamurraa abaaboo 600 gumaachameen mana maanguddootaa Huis Vergenoegd Old Age Home jedhamu dura miidhagsan. Jiraattota mana Huis Vergenoegd Old Age Home kan Paarl, Afrikaa Kibbaa keessatti argamu yeroo faayaa abaaboo daawwatan Walakkeessa ji'a Bitootessaa irraa kaasee jiraattonni mandara maanguddotaa mana cufatanii jiru. Garuu foolii gaarii abaaboo qe'ee isaanii faaye kana gadi bahanii suufaniif hayyamameef ture, jedhu aanga'aan omisha ababoo fuula feesbuukii isaarratti. Namoonni hojii kana argan hedduun gocha kana baayyee jajan. "Konkolaatonni baayyeen kilaaksi gochuun gammachuufi dinqisiifannaa isaanii dhageessisaa darbu, namoonni lafoos ta'e kan karaa sana darbu hunduu dhaabbatanii daawwatu. Abaaboon sun naannoo sanatti gammachuu horeera," jedha namni ababoo omishu tokko. 3) Abbaan qabeenyaa mana jireenyaa 'Dream' jedhamu kiraa manaa hin gaafadhu jedhe Keeniyaatti abbaan qabeenyaa mana kireessu tokko kireeffattoota isaa 34 ta'aniin kiraa manaa kan ji'a Bitootessaafi Eblaa irraa hin fudhadhu jedhan. Abbaan qabeenyaa kun weerarri dhibee kanaa kireeffattoota isaa rakkoo maallaqaa yaaddessaa keessa isaan waan galcheeruuf isaan kaffalchiisuu hin qabu jedhe. Namni Mikaa'el Mununee jedhamu kun appartaamaa 28 kaawontii gama lixaa magaalaa Naayiroobii Niyaandaarawu jedhamuu kan qaban yoo ta'u, tokkoo tokkoo isaanii shilingii Keeniyaa 3,000tti kireessu. Kana malees, manneen biizinasiif oolan ji'atti shilingii 5000tti kireeffamus ni qabu. Abbaan qabeenyaa kun yoo kireeffattoonni isaa hunduu hin kaffaliiniif hafan shilingii 200,000 dhaba. Mr Muneeneen TV dhuunfaa NTV jedhamu irratti dhiyaatanii hojii qajeelummaa hojjetan kana erga dubbatanii namoonni baayyee isa galateeffachaa jiru. Yeroo tokko kireeffataan ture, kanan kaffalu dhabee manaa akka isa ari'an kan yaadatu duubata abbaan qabeenyaa kun. "Kireeffattoonni koo kun yeroodhaa ana bira jiru kiraan isaan anaaf kaffalanis wanta baayyee akkan ittiin hojjedhu na gargaareera," jedhan. "Kanaaf, ani yeroon kun yeroo isaan waliin hojjetaniifi walgargaaran akka ta'en murteesse." Gaazexaa tokko irrattis maqaan isaanii ka'ee abbaa qabeenya manaa "gara laafessa" jedhameera. 4) Shamarree shubbisa mudhiin karaa toora interneetii namootaaf shubbistu Shamarree shubbisa mudhiin karaa toora interneetii namootaaf shubbistu Biyya Tuniiziyaatti shubbisa mudhiitiin kan beekamtu Nermiin Sifaar namoota mana cufatanii jiraniif shubbisa karaa toora interneetitiin gadhiisuun biyyoota Afrikaa Kaabaa boharsaa jirti. Galgala yeroo mara mana ishee keessaa shubbisaa kallattiin kanisheen tamsaastu namoonni hedduu itti gammadu. Torban darbe keessa viidiyoo isheen gadhiistu kana namoonni miliyoonaan lakkaa'aman daawwataniiru. Viidiyoon shubbisaa kun osoo dhorkaan mana turuu hin jalqabamiin ture kan eegale. Tuniiziyaa keessatti qajeelfamni mana turuu Bitootessa 29 ture kan jalqabame. Nermiin Sifaar namoota mana cufatanii jiraniif shubbisa karaa toora interneetitiin gadhiisuun biyyoota Afrikaa Kaabaa boharsaa jirti. Duula karaa miidiyaa hawaasummaa akka namoonni mana turan jajjabeessituun "Mana turaa animmoo isiniif nan shibbisaa" kan jedhuun baayyee beeksisaaa jirti. Duulli isheen gaggeessitu kunis galma ga'eeraaf. Namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman galgal galagala haalaan daawwatu. Viidyoon torban darbe ishee gadhiiste ammoo miliyoona lamaa ol daawwatameera. 5) Weellistuun beekamtuu Hamalmaal Abaatee mana jireenyaashee wiirtuu kunuunsaa akka ta'uuf kennite Weellistuun beekamtuu Hamalmaal Abaatee mana jireenyaa ishee wiirtuu kunuunsaa akka ta'uuf kennite Weelistuun beekamtuu Itoophiyaa Hamalmaal Abaatee mana jireenyaashee namoonni sababa koronaavaayirasiif adda baafamanii turaniif akka oolu kennite. Dhuma ji'a darbee mootummaan Itoophiyaa nanigara biyyattii dhufu kamiyyu baasii ofii isaatiin guyyoota 14f hoteela keessatti adda of baasee turuu qaba jedhee ture. Hamalmaal Abaatee baroota 1990 keessaa siboota afaan Amaaraafi Afaan Oromootiin baayyee beekamti. Hamalmaal Abaatee manashee fuulduratti "Namoonni adda of baasanii turuu barbaadanis namoota keenyadha," jette Hamalmaal. "Namoonni biyya alaatii dhufan tokko tokko hoteela adda itti of baasanii akka taniif qophaa'e kaffalatanii turuu danda'u. Hata'u malee, warri kaffalachuu hin dandeenyes ni jiru. Isaanis warruma kaaniin qixa keessumeeffamuu qabu." Manni Hamalmaal kun mana jireenyaa naannoo Makkaanisaa, Finfinneetti argamudha. Hamalmaal namoota baayyee mana jireenyaa isaanii tolaan akka namoonni biyya alaatii dhufan kaffalachuu hin dandeenye kaassatti adda baafamanii turaniif gumaachaa jiran keessaa tokkodha. Namoonni hedduun yeroo biyya alaatii galan bakki baayyeen keessatti adda of baasuun turan hir'inni jiraachuu mala kan jedhu sodaan jira. 6) Taphataan beekamaa yeroo dhorkaa manaa bahuu deggartootaa nyaata danda'uu Karra eegaan Pilaatiwuu Yunaayitid Chineduu Anoozii Diviziyoonii Piriimerii biyya Naajeeriyaatti taphataan kubbaa miilaa beekamaa deggertoota isaa afuriif yeroo weerara koronaavaayirasii akka mana keessa turamuuf labsametti kan ittiin nyaatan hin qabneef akka ittiin dabarsaniif maallaqa kenneef. Karra eegaan Pilaatiwuu Yunaayitid Chineduu Anoozii tokkoo tokkoo deggartoota isaa afraniif naayiraa 5,000 kenneef. Kennaan kun guddaa ta'uu baatus ergaa kan qabanirraa walgargaaruu yeroo itti barbaachisu akka ta'e garuu ni dabarsa. Gaazexeen Naajeeriyaa Vaangaard jedhamu akka barreessetti harki Anoozii diriiree goolii qolatu hiyyeessotaafis diriireera jedhe. Gareen Anooziin keessa taphatu dursaa kan jiru yoo ta'u, taphoota darba 10 keessatti gooliin itti hin lakkoofsifamne.
oduu-53468867
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53468867
Hidha Haaromsa Abbayaafi abdii qonnaan bultootaa
Aadde Jifaaree Girmaa dubartii umuriin ganna 42 yoo taatu, haadha ijoollee saddetiidha. Ijoolleen ishee hundinuu ammoo ishee waliin jiraatu. Ilmi Aadde Jifaaree hangafti umuriin isaa ganna 22 yoo ta'u, leenjii ogummaa fudhachaa jira. Ijoolleen ishee warri kaanis akkasuma barattootadha.
Sababii weera Cvid-19 addunyaa waliin gaherraa kan ka'een tarkaanfiiwwan fudhatamaniin ijoolleen ishee hundinuu yeroo ammaa barnootarraa fagaatanii mana jiru. Ijoolleen kun yeroo mana jiranitti hojii maatii isaanii gargaaru. Loon tiksuurraa jalqabee hanga hojii nyaata bilcheessuutti waan danda'an hojjatu. Manni Aadde Jifaareen itti nyaata bilcheffattu kanuma maatii qunnaan bultoota baadiyaa miliyoona hedduutti lakkaa'amanirraa baayyee adda kan ta'e miti. Baaxii citaarraa ijjaarameefi keenyan mukaafi dhoqqeen maragamee ijaaramedha. Kutaan itti wa bilcheeffatan kun baayyee dhiphoofi ukkaamamtuudhallee. Sumsumman lama hangi isaanii walcaalu wal walirraa fagaatanii jiru. Inni tokko kan biddeena itti tolfatan yoo ta'u, kan xiqqaa ta'e tokko ammoo ittoofi kanneen biroo irratti bilcheeffachuuf kan gargaarudha. Manni Aadde Jifaareen nyaata itti bilcheeffattu kun yeroo kaan dhoqqee sa'aan kan dibame ta'ulleen baatii Adoolessaa keessa yeroo BBCn mana deemanitti sababa rooba waqtii Gannaatiin dhoqqaa'ee ture. Kutaa biraa karri isaa mana itti waa bilcheeffatan waliin tokko ta'e keessatti ammoo saawwantu elmama. Aadde Jifaareen ganda Finfinneetti dhiyoo jirtuufi gaara Inxooxxoo irraa ammoo fageenya kiilomeetira 10 hin caalleetti arfgamtu Akaakoo jedhamtu keessa jiraatti. Bosona ganda Akaakuu marsee jiru keessa xiqqoo akkuma qaxxaamuraniin booda saatii gara galgalaa taanaan ifa elektiriikaa magaalaa Finfinnee yeroo ilaalan galaana ifaatu caacuu fakkaata. Jandoon bokkaa magaalaa Finfinneef robe ganda Akaakoof ammoo hin tuufnelle. Aadde Jifaareen nyaata kan bilcheeffattu, biddeena kan tolfattu, daabboo kan tolfattu, ittoo kan tolfattu, buna kan danfifattu akka warra hollaashee magaalaa Finfinnee keessa jiranii humna elektiriikaatiin miti. Elektiriikii fayyadamuun jireenya salphifachuun carraa Aadde Jifaareerraa fagoodha. "Wanta hunda kan hojjennu qoraan fayyadamuudhaan. Yeroo tokko tokko ammoo cilee/kasalas buttaa gaaziis ni fayydamna,"jechuun BBCtti himteetti. Mana itti waan bilcheeffatan keessatti qoraan bobeessaa haara irra naanna'uun gidiraadha jetti. "Qaamni keenya daaraa uffata. Haarri ibiddaa nu macheesseera; cileefi qaqqan isaa ammoo nu huffisa," jechuun mudannoo guyyaa guyyaa mana nyaata keessatti bilcheeffattu keessatti ishee mudatu dubbatti. Qoraan mana keessatti fayyadaman bosona dhiyeenyatti argamu keessa deemuun kan cabsatan yoo ta'u, "baayyee dadhabsiisaadha" jetti Aadde Jifaareen. Namni magaalaa Finfinnee irraa ka'uun gara ganda Akaakootti imalan yeroo dubartoonni qoraan humna isaanii ol ta'e dugdtti baatanii yeroo deeman arguun baramadha. Dafqa fuula isaaniirra yaa'u yeroo ilaalan hangam akka itti hammatte hubachuuf nama hin rakkisu. Qaraan baayyee dugdatti baadhatanii maallaqa xiqqoo argachuudhaaf dubartoonni gara magaalaa Finfinneetti deeman arguunis baramaadha. Tokko tokko ammoo qoraan ofiif manatti fayyadamuuf kan fudhatanii gara manaatti imalanis ni jiru. Aadde Jifaareefi hollaan ishee ibsaan elektiriikaa gara qe'ee isaanii ni galaaf jedhamee abdachiifamanillee wanta qabatamatti lafarratti ta'u garuu arguu akka hin dandeenye BBCtti dubbatu. Osoo humni elektiriikaa nuuf galee, "ni qulqulloofna, uffanni keenya ni qulqullaa'a, hojii keenya saffisaan hojjetanna, wanti martinuu ammoo nuuf ni foyyaa'a," jechuun hawwii ofiifi hollaan ishee elektiriika argachuuf qaban ibsiti Aadde Jifaareen. Abbaan warraa Aadde Jifaaree, Obbo Lammaa Shuumii ammoo o'iruu qonnaa isaaniirratti garbuu facaafatu. Kanarraan kan hafe ammo loon waan qabaniif isaan tikfatu. Galii dabalataa ittiin maatii isaanii gargaaran argachuudhaaf dhaabbata qorannoo mandara sanatti dhiyoo jiru tokko keessa ammo waardiyyummaan tajaajilu. Barii BBCn qe'ee isaaniitti argametti boqonnaa isanii waan tureef Obbo Lammaan firootaafi hollaa isaa waliin taphachaa turan. Darbee darbee ilma isaanii dirree qe'ee isaaniitti dhiyoo jiru keessatti loon tiksaa jiru bahanii ilaalaa turan. Obbo Lammaan humna ibsaa mootummaan fedhii baayyee dabalaa jiru guutuudhaaf na gargaara jedhee waggoota sagal dura Hidha Haaromsa Abbayaa jalqabe keessatti kallattiin hirmaataniiru. Kanaafis Obbo Lammaan, karaa waajira dhaabbata waardiyyuummaan keessa tajaajilanii buusii ji'aan miindaa isaaniirraa cituun alatti boondii mootummaan dhiyeessellee bitataniiru. "Kan dhibba sadiin bitadhe. Egaa akkuma dandeettii keenyaattidha," jechuun wanta Hidha Haromsaa keessatti gumaachan kokkolfaa BBCtti dubbatu. Maallaqni sunis waggaa shan eeggatee akka deebiyeefis ni dubbatu. Kanarra darbees, waajira isa qacare waliin ta'uudhaan waggoota sadiin dura Hidha Haaromsaa kan kooti jedhan kana qaamaan deemanii daawwachuu isaanii dubbatu. "Kana irra gahuun isaa galatasaa," jechuun Hidha Haaromsaa bishaaniin guutamuun isaa dhiyaachaa jiraachuurratti yaada isaanii kennan. Obbo Lammaan Hidhi Haaromsaa kun yeroo ibsaa maddisiisuu jalqabu, qe'ee isaaniitiif ibsaan ni qaqqaba abdii jedhu qabu. "Abdiin keenya hedduudha." Qoraan cabsuudhaaf bakka gara garaa deemuun jiruu isaanii dhaabbataa ta'eera. Kanaan alattis, qoraan kun yeroo nyaata ittiin bilcheeffataniifi bobeeffatanis rakkooleen fayyaa gara garaatiif nama saaxila. Dabalataanis, egeree dubartootaafi daa'imaniirraan dhiibbaa hamaa qaqqabsiisa. Masiriifi Sudaan ammo bishaan Laga Abbayaa bu'uura jireenya ummata isaanii ta'e nu jalaa ir'achuu mala soda jedhuun hanga ammaattis mariiwwan taasifamaa turan mara keessatti waliigalteerra gahamuu baatus, mootummaan Itoophiyaa garuu jireenya ummata aadiyyaa jijjiiruuf humna ibsaa dhiyeessuuf Hidha sana jalqabsiisun aklatti filannoo akka hin qabne ibsaa jiru. Hidhi Haromsa Itoophiyaa ijaaramee ni xumurama kan jedhamee turerraa kan boodatti harkifate ta'us, yeroo ammaa ijaarsi isaa harka afur keessaa sadii xumurameera. Hidhaan kun bara dhufu sadarkaan duraa humna maddisiisa jedhamee eegama. Qonnaan bulaa kan ta'an Obbo Lammaa Shuumii galii ji'aa ji'aan argatanirraa akkuma lammilee Itoophiyaa biroo ijaarsa Hidha Afrikaatti isa guddicha jedhamu kanaatiif gumaachaniiru. Hidhi Haaromsa Laga Abbayyaa kun humna ibsaa Meggaa Waattii 6,000 maddisiisuuf jira. Hidhi Haaromsa Lagga Abbayyaa kun baasii Dolaara Biliyoona shank an gaafatu yoo ta'u, lammileen biyyattii gara caalaa baadiyaa jiraatan ifa akka rgatan gargaara jedhamee eegamaa jira. Dabalataan idustiriiwwan ummata hedduutiif carraa hojii uumuu danda'aniif humna ibsaa dhiyeessuurra darbee humna ibsaa biyyattiin biyyoota hollaatiif dhiyeessitu ni uumaaf jedhamee abdatama. Aadde Jifaareefi abbaan warraa ishee Obbo Lammaa Shuumii ijaarsi Hidhi Haaromsa kanaa xumuramuutti dhiyaatullee bishaan Laga Abbayyaa kun hangi nuuf malu nuuf eegamuu qaba kan jechaa jiran Masiriifi Sudaan waliin mariin taasifamu garuu xumura hin arganne. Waliigaleera gahames gahamuu baates Hidhichi bishaaniin guutuu akka jalqabdu kan beeksifte Itoophiyaan, hojii ijaarsa isaa safffisiisaa akka jirtu himama. Roobni cimaan waqtii Gannaa kana roobaa jiru ammoo bakka itti bishaan akka kuufamuuf qophaa'etti kuufamuu jalqabuu isaa suuraawwan saatelaayitiirraa argaman ni mul'isu. Mariin biyyoota sadan gidduutti Gamtaa Afrikaatiin taasifamaa turee waliigaltee malee xumurameerratti, dhimmoonni ka'an qoratamuudhaan tarkaanfiiwwan itti aanan kan beeksifaman ta'u.
oduu-56839569
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56839569
'Namoonni siyaasaa ummata Somaalee akka lammii Itoophiyaatti hin ilaalan' '- Ahimad Mahaammad
Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen (ABBO) paartilee siyaasaa jijjirama waggoota sadiin dura biyyattii keessatti umameen gara biyyaa deebi'an keessaa tokko.
Waa'ee filannoo fi haala sochii paartichaa ilaalchisuun BBCn miseensa kore hojii raawwachiftuu ABBO fi ittigaafatamaa quunnamtii motummaa federaalaa kan ta'an Obbo Ahimad Mahaammad waliin turti taasiseera. BBC: Hundeffamni ABBO seena weerara Ziyaadibaarree waliin hidhatu qaba. Yeroo ce'umsaa hirmaattannii jirtu. ABBOn liigii dargaggoo Adda bilisa baasaa somaaliyaa Lixaan hundeeffame jedhama. Naannicha waggoota lamaaf bucheera. Sirriidhaa kun? Obbo Ahimad: ABBOn Adooleessa 15, 1984tti hundeeffame. Innis Addi Bilisa Baasaa Somaalee Lixaa (WSLF) tibba sana kan ture erga dadhabeen booda dargaggoota Somaalee Itoophiyaa keessa jiraataniin kan hundeeffameedha. Addi Bilisa Baasaa Somaalee Lixaa kan lammiilee Somaalee Itoophiyaatiin hundeeffame. Ta'ulleen dhaaba motummaa Somaaliyaatiin deeggaramaa ture. ABBO ammo dargaggoon qabsoon keenya dadhabaa waan adeemeef maal haa gonu jechuun kan hundeessan. Dargaggoonni kunneenis qabsoon isaanii irratti jiddugalumsi motummaa Somaaliyaa akka jiru waan hubataniif ABBO hundeessan. ABBO Somaaliyaafi Itoophiyaatti dhorkamaa waan tureefi fudhatama waan hinqabneefu waggootaaf dhoksaan hojjataa turan. Jalqaba dhaabichi yoo hundeeffamu durataa'aan Obbo Abdurhamaan Mahiddii turan. Isaan booda Mahaamad Abdii Maganii baatii lamaaf hogganan. Achiin Sheeh Ibraahiim Abdallaah dura ta'aa dhaabbataa ta'un filatamanii yeroo dheeraaf hoogganan. Ammalleen lubbuun jiru. Kaayyoon ABBO guddaan sumaaloonni Itoophiyaa keessa jiran biyya Ogaadeen jedhamu bilisa baasuu ture. Erga Dargiin kufeen boodas aanga'oonni ABBO gara biyyaa deebii'uun godina Magob bakka Garbo jedhamuutti yaa'ii ummataa gaggeessuun, Sheek Ibraahiim Abdallaa irra deebiin filatamanii motummaa ce'umsaa keessatti hirmaataniiru. Hirmaannaa filannoo jalqabaatin sagalee caalmaa %84 argachuun naannichatti motummaa hundeessaniiru. ADWUI/TPLF garuu deeggarsa ummataa qabaachu keenya hubannaan nu weerara. Isaan booda kan qabsoo hidhannootiif bosona galle. Fedhiin keenya dimokraasiin hirmaachu ta'ulleen dhiibamne bosona galle. BBC: Yeeroo hangamiif naannicha kan bulchitan? Obbo Ahimad: Waggaa tokkoofi gara ji'a kudhanii kan tahu naannicha bulchineerra. Alaabaan naannichaa amma jiruufi imaammatni barnootaa mootummaa ABBO'n yeroo sanaan ture kan jalqabame. Hojiilee bu'uura tahan erga jalqabnee deeggarsi uummata irraa qabnu guddaa tahuu hubachuun nu weeraran. Hoggantoota keenya ajjeesuu waan jalqabaniif dirqamnee bosona galle. ABBO [ONLF] Dhaabata waggoota 36 qabsoo keessa ture isa hangafaati. Dhaabichi hiree ofii of bulchuu sabichaa murteessuuf jecha waggoota dheeraaf qabsoo irra ture. Erga gara biyyaati deebitanii ammas maqaa Adda Bilisa Baasaa Ogaadeen jedhuun jirtu. Haala siyaasaa amma Itoophiyaa keessa jiru waliin deemaa? Jijjiiramaan maqaan keenya hin jijjiiramu. Fedhii uummataanidha maqaan kun kan moggaafame. Calliseema fedha hoggantoota nama lama sadii waan hin taaneef. Foxxoquus tahe Itoophiyaa keessatti hirmaannee itti fufuuf sagalee uummataatu murteessa. Uummatni kun dhaabbata akkamii akka barbaaduu fi dhaabbatichi ejjennoo akkamii akka qabaachuu qabu kan murteessu sagalee uummataati. Nuyi hoggantoota jijjiiramaa waliin waan waliigalleef maqaa, ejjennoo fi kaayyoo dhaabichaa jijjiiruu hin dandeenyu. Kan jijjiiruun danda'amu uummatni dhaabicha hundeesse walitti qabamee kora gaggeessee irratti waliigalee yoo jijjiire qofadhaa. BBC: Maqaa Adda Bilisa Baasaa jechuun mootummaa gidduugaleessaa irraa foxxoquuf paartiin yaadu akkamiin paartilee kaan waliin hojjechuu danda'a? Obbo Ahimad: Ihi! Heerri mootummaa Itoophiyaa iyyuu hanga foxxoquutti eeyyama. Maaliif kun gaazexesitootaaf dhiphina akka tahe naaf hin galu! Maaliif heera mootummaa Itoophiyaa irratti baheree yoo akkas tahe? Seera qabeessadha, uummatni naaf taha karaa jedhe irra deemuu qaba. Itoophiyaan yoo isaaniif taate lammii Itoophiyaa tahii itti fufuu danda'u; yoo hin taaneefii tahe ammoo mirga foxxoquun mootummaa mataa isaanii hundeessuu qabu. Kun seeruma adunyaa irra kan jirudha. Heera mootummaa irras waanuma jirudha. Maaliif gaazexessitootni gaaffii kanarra darbuu akka dadhabdan garuu bitaa natti gala. MM Abiy Ahimed gara aangootti osoo hin dhufiin dura Barreessaa ol aanaan keessan Obbo Abdurahaman Mahaadii gaaffiif deebii tokko irratti ''Somaaleen mootummaa gidduugaleessaan kan tuffatamee fi dagatamedha.'' Nuuf Itoophiyaa tahuun nuuf hin mijatu. Mootummaan Gidduugaleessaa humnaan nu bitee jira,'' jedhanii ture. Kun ilaalcha duraan jiru waan taheef amma erga jijjiiramaan as ilaalchi keessan kun hammam fooyya'eera Dhugumatti kun miira gaggeesitootaa osoo hin taane miira uummataati. Dhugaa isaa natti himi yoo jette uummatni keenya ammayyuu mootummaakoo jedhee miira waamu waan qabu natti hin fakkaatu. Mootummaan tokko kan kee kan tahu waa'eekee yoo yaada tahedha. Bara Atse Teediroos, Atse Minilik, Atse Haayile Sillaasee, koloneel Mangistuu tii hanga Obbo Mallasitti, har'as taanaan BBC: Uummata Somaaleef maaltu tahe, maaltus tahaa ture? Obbo Ahimad: Mootummaa federaalaa keessaa uummata Somaaleef hirmaanna hammamiitu kennameef? Yookiin faayidaa akkamii argatan? Akkamittis ilaalu? Har'ame namootni Birrii Itoophiyaa fi mootummaa Itoophiyaa hin beekne naannoo keenya keessa jiru. Kun maal sitti hima? BBC: Maaliif? Maaliin bitanii gurguru? Obbo Ahimad: Mootummaan waan isaan bira hin geenyeefikaa! Uummanni Somaalee yeroo loltootni ergamanii isaan ajjeesanii fi dararanidha kan beekan. Kana kan jijjiiruu qabu nu osoo hin taane gaggeesitoota mootummaa Itoophiyaati. Fakkeenyaaf mee sittan hima. Wal gahii Bishooftutti taa'ame tokko irratti namni tokko '' obboleessi koo Somaaleen sun akka ibsetti'' jedhe. Ilaali! Ani eenyummaakootti nan boona. Rakkoo hin qabu. Garuu warri kaan gaafa dubbatan obboleesikoo Oromoon, obboleessikoo Amaarri, obboleessikoo Haadiyaan jedhamanii hin ibsaman. Ani maaliifan akkasitti ilaalame? Maalis agarsiisa? Kana kan jijjiiruu dandeenyu nuyi namoota siyaasaa, hayyootaa fi gaggeesitootadha. Garaagarummaan kun durii jalqabee hanga har'aattis waanuma jirudha. Akka lammii lammaffaattidha kan nu ilaalan. Namootni siyaasaa uummata Somaalee akka lammii Itoophiyaatti hin ilaalan. BBC: Ilaalcha dabe kana qajeelchuuf akka paartiitti maal gootan? Obbo Ahimad: Durii qabee hanga ammaatti lammii Itoophiyaa tahuun keenya hin hafne. Sadarkaa paartiitti qofa osoo hin taane bulchitoota Somaalee waliin akka saba Somaaleetti mari'achuun gaheen keenya hammam akka tahuu qabu waliigaluu qabna. Gahee guddaa bahachuu kan qabu hoggantoota Somaalee aangoo irra jiran ture. Maal akka dhaban maal akka argatan gaafachuu qabu ture. Nuyi akka hojmaneetti qabannee irrati hojjenna. Biyya Itoophiyaa jedhamtu kana keessatti gahee keenya taphachuufi hirmaachuu qabna jennee amanna. Amma Itoophiyaa keessatti Affaaris, Harariinis, Somaaleenis dhiibameera. Akka lammii 2ffaattan ilaalamaa jira jedhanii yaadu. Hundinuu yoo kan dallanu tahe akkamiin Itoophiyaa biyya jedhamtu kana itti fufsiisuun danda'ama? Saba hundumaa gara gidduutti fiduun gahee isaanii akka bahatan gochuun hin danda'amuu? Hin miidhamne kan jedhuhoo jiraa? Amaarris tahe Oromoon, warri kaanis? Adunyaa irratti anatu miidhe, anatu balleesse kan jedhu hin jiru. Miidhamaanis kan miidhes akkasumattidha kan itti fufan. Bara bulchiinsa Mallas Zeenaawwii TPLF, yeroo Tigiraay jedhamaa ture, bara Dargii yeroo Amaaraa jedhamaa ture, isaanis garuu miidhamneerra jedhu.Kanaafuu amma isa darbe dhiisnee araara goonee, uummata hubachiisuun qabna. Itoophiyaa amma jirtu kana keessatti heera biyyichaan wal kabjnee deemuu qabna. Gaaffii kan qabu yoo jiraates karaa seera qabeessa taheen akka hiikamu, carraan hunda keenyaayyuu karaa seera qabeessaan akka murtaa'u tahuu qaba jedheen yaada. BBC: Dhiifama gaafatamuu irratti rakkoo baay'een hin jiru. Rakkoon kan jiru eenyutu dhiifama gaafata kan jedhudha. Abbaan balleessaa eenyu? Miidhamanoo eenyu kan jedhudha. Mootummaa Dargii haa jennu. Dargiin saba kam bakka bu'a? Isa dura bulchitootni turan yoo lakkoofne saba kam bakka bu'u? Saba keessaa dhalatanidhaa? Uummatni keessaa bahan mataan isaa hoo hin miidhamnee? Obbo Ahimad: Dhuguma jette. Karaa tokko qabxiilee kaaste waliin waliin gala. Sababni isaas namoota aangoo irra turantu sirnicha balleessa jedhama. Dhugumadha uummatni Amaaraa walitti qabamee uummata Somaalee haa miinu hin jenne. Akkasuma uummatni Tigiraay ka'ee uummata Somaalee yookaan kaan haa miinu hin jenne. Garuu bara bulchiinsa Mallas Zeenaawii dhaabbileen afur turan. Haa tahu malee namootni baay'een yeroo dubbatan mootummaa TPLF'n gaggeeffamudha jechaa kan turan. TPLF eenyu yoo jenne dhalattoota Tigireeti jedhamu. Bara Dargiis eenyu turan yoo jedhame warra Amaaraa jedhama. Kanaafuu karaa tokko yaadakeetti waliigala. Dhaabichatu balleesse jedhee. Gama biraan garuu dhaabicha duuba saba isa kamtu ture isa jedhudha. BBC: Wagaa afur dura hogganaan paartii keessaanii Obbo Abdurahaman Mahaadii gaaffiif deebii Aljeeziraa orratti taaisaniin Ogaaden keessatti ''waggoota 100 keessatti mana barumsaa sadarkaa 2ffaa tokkoo fi hospitaala tokko qofa qabna. Dubartootni keenya dahumsaaf yookaan yoo dhukkubsatan Moqadishoo ture kan deeman,'' jedhan. Keessumaa Somaalee naannoo deeggarsa bal'aa itti qabdan qabeenyi gaazii uumamaa waan jiruuf abdiin kan irratti gatamedha. Kanaaf amma uummatni keessan gama misoomaan fayyadamaa tahaa jira jettanii yaadduu? Obbo Ahimad: Abdii qabna. Quraana irraa ''ayyaana fi carraa uumaatti abdii hin kutiinaa'' kan jedhu jira. Yeroo hundaayyuu abdii qabna. Hamma fedheyyuu yoo ceephaane mootummaan Somaalee amma jiru hamma tahe hojjechaa jira. Manneen barnootaa lakkoofsaan xiqqaa tahanis hojjetamaa jira. Kanaan ol tahuu qaba ture jechuun keenya akkuma jirutti tahee. Garuu ammayyuu haadholiin Somaalee abiddaa fi kurraazii fayyadamuun kan dahan jiru. Haadholiin Somaalee %60 tahan ifa akkasii fayyadamuun dahaa jiru. Qulqullinni isaanii gadi bu'aa tahus hospitaalonnii fi kilinikootni jiru. Fuuldurattis ni hojjetama. Nuyis yoo filannoo mo'anne akkasuma itti fufuun hojjenna. BBC: Qabeenya gaazii irratti gaaffiin adda tahe kaastan jiraa? Obbo Ahimad: Gaaffii addaa qabeenya gaasii irratti kaastan qabdu? Somaaleen akkas jedhee makmaaka "Dhariba ninkii u dhow baa dhuunigiisa leh" hiikni isaas "Nyaanni yeroo bilchaatu dursa nama dhiyaateef kennamuu qaba" jechuudha. Ummatni Somaalee qabeenya gaasii fi boba'aa isaa irraa fagoo ta'uu hin qabu. Gaheen kennameefiis gahaa miti kanaafuu isaa ol argachuu qabu jennee amanna. Gaheen akka mootummaa federaalaatti qabanis gahaa miti jenna. Qabeenyi federaala irraa isaan gahus isaa ol argachuu qabu jenne amanna. Akka obbo Abdurhamaan jedhanitti kana dura ummatni keenya akkuma qoricha yaalaa malee du'aa turetti ammas du'aa jira jedhan. Kun garuu nuyi irrattis ta'e kan biraa irratti haala kanaan itti fufuu hin qabu jenne amanna. BBC: Bara isin bosona turtanitti ummatni Somaalee bulchaa naannoo Somaalee duraanii obbo Abdii Illeetiin dararaa argaa akka turan isinis rakkisaa turtan. Amma obbo Musxafeen erga dhufanii as garuu naannichi naannoowwan biroo waliin yoo wal bira qabamu baay'ee jeequmsa hin qabu akkasumas akka nagaan jirutti argina, prezidaantii Musxafeenis karaa kanaa waan jajamanidha. Isin akkamiin madaaltu? Obbo Ahimad: Obbo Musxafeen erga dhufee nagaan dhufe jechuu keessan irra isin erga mootummaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessitanii booda nagaan dhufe osoo jettanii irra filatama jedheen amana. Sababni isaas Obbo Musxafeen nuyi osoo Finfinnee jirruu mootummaa waliin kallattii nagaa irratti erga waliigallee booda kan muudaman. Nageenyi obbo Musxafeetiin yookiin paartii Badhaadhinaatiin osoo hin taane nuyii fi ADWUItiin raawwatame. Nagaan ABBO'niin dhufe, nagaan murtoo keenyaan dhufe jennee amanna. Sababni isaas mootummaa waliin falmiitti turre. Hanga nuyi falmii irra turre 'isaaniin ummatni ni deeggara' jechuun ummata darara nuyi waliinis wal waraanaa turan. Obbo Musxafeen gidduu seenani malee nageenyi isaaniin hin dhufne. Ammas nuyiin malee nagaadhaan hin turu ture. Sababni isaa gochi, ammalli, haasawni fi waa hundi isaanii gara nageenyaatti kan nu geessu miti jedheen amana. Nageenyi kan dhufe kan hundaa'es nuyiini ammas nuyiin jira. Haata'u malee nageenyi naannoo biraa waliin yeroo wal bira qabamu gaariidha. Kunis murtoo ummata keenyaati. Itoophiyaanotni biroon lammii lammaffaa ta'anii bakkuma jiranitti ajjeefamaa jiru. Somaaleen gatii nageenyaa fi waraanaa waan beekuuf nuyi waan murteessineef har'a nagaan kan ta'e. har'i guyyaa nagaati. Waan barbaadnu nagayaan kanneen biroo waliin haa mari'annu, nagaan haa deemnu kan jedhu murtoo ABBO waan ta'eef karaa sana deemaa jirra. Ammas itti fufna, nagaan ummata keenyaaf akkasumas Gaanfa Afrikaatiif nagaan akka ta'u Allah gaafanna. BBC: Bara 2007 qabsoo hidhannoo osoo gaggeessaa jirtanii lammiilee Itoophiyaa 65 fi Chaayinaa 9 bakka albuuda qotanitti ajjeestaniittu. Akkasuas Jigjigaattis halleellaa geessistanii lubbuun namootaa darbeera. Erga gara qabsoo nagaatti deebitanii dhiifama gaafachuu waan qabdan isinitti hin fakkaatuu? Obbo Ahimad: Biyyuma kam keessattiyyuu waraanni yeroo gaggeefamu lubbuun namootaa ni darba. Nuyi kaayyoon keenya namoota nagaa miidhaa irraan gahuu miti. Lammiileen Chaayinaa eenyuun ajjeefamani? eenyuun gaafataniitu kan daangaa Ogaadeen seenan? Osoo isaan hin seeniin dura akkasumas erga seenaniin booda nageenyi akka hin jirre osoo itti himnuu 'lakki' jechuun waan seenaniif nuyi xiyyeeffannoon keenya hidhattoota mootummaa irra osoo jiruu lammiileen Chaayinaa waan ajjeefamaniif mootummaa dha dhiifama gaafachuu kan qabu. Kan isaan fidedha dhiifama gaafachuu kan qabu. BBC: Garuu kan ajjeese isinidhaam? Kan ajjeefaman isiniin mitimoo? Obbo Ahimad: Gama lamaaniinuu dhukaasni dhukaafameera. Kanaafuu baaruda isa kamiin akka ajjeefaman hin beekamu. Baaruda eenyuun akka ajjeefaman eenyutu haasa'aa? Nuyi qafa irratti akka haqan miti. Harka keessaa hin qabnu jennee hin haallu haata'u malee eenyu kan isaan fide? Lammaffaan ammo itti gaafatamummaa eenyuun dhufani? Itti gaafatama keenyaan hin dhufne, nuyi inumaayyuu akeekkachiisa kennineefii turre ni didan malee. Haata'u malee nuyi dhimma itti dhiifama gaafannuuf hin jiru. BBC: Waa'ee lammiilee Chaayinaa kana erga jettanii dhiiga dafqaan bultoota lammii Itoophiyaa dhangala'e dhiifama gaafachuuf maaliif humna dhabdani? Obbo Ahimad: Waraana kanaan lammiileen Itoophiyaa meeqatu ajjeefame? Waraana kanaaf itti gaafatamaan eenyu ture? Nuyi ummata keenya nagaan yeroo dursaa turretti jeequmsa kaasuun ummata kan fixe eenyu? Hunduma isaaf kan dhiifama gaafachuu qabu kan waraana jalqabedha. Kana hundumaaf itti gaafatamummaa fudhachuu kan qabu mootummaa Itoophiyaa, gaggeessitoota Itoophiyaati. Lammiileen Itoophiyaa asii fi ascii kan wallolaniif itti gaafatamummaa kan fudhatu isaanidha jennee amanna. BBC: Paartiin keessan qofaa isaa muummicha ministeeraa Abiy Ahmem waliin wal argee beeka? Yeroo dhumaaf kan wal argitan yoom ture? Maal mari'attan? Obbo Ahimad: Guyyaa kana jedhee sitti himuu hin danda'u. Garuu hanga ani beekutti ji'oota jaha dura galma mootummaatti muummicha ministeeraa Abiy Ahmed obbo Abdurhamaan waliin ture kan mari'atan. Waa'ee haala biyyaa, filannoo dhufaa jiruu, nageenya, dimokraasii akkasumas waa'ee dhimmoota garaagaraa ture kan kaasanii haala gaariin ture kan mari'atan. BBC: Filannoon marsaa jahaffaa baatii Caamsaa keessa gaggeeffama. Isinis irratti ni hirmaattu. Dhiyootti miidhaan nu irra gahaa jira.Miseensotni keenya hidhamaniiru. Godinoota Doolloo, Cerer, Shebelee fi Qoraahee dhiibbaan mirga namoomaa jira. Nu dararaa jiru jettaniittu. Ammas rakkoon jira jechuudha? Rakkoon kun filannoo keessaa akka isin baatan gochuu ni danda'a? Obbo Ahimad: As irratti xiyyeeffannoo gochuun barbaadu odeeffannoo har'a nu gahu irraa akkasuma wantoota arginu irraa filannoo irratti akka hirmaannu jecha guutuu kennuu hin danda'u. Fiixee irra waan geenye natti fakkaata haalotni daddabalamaa jiru. Fakkeenyaaf amma yeroon yeroo galmee filattootaati, yeroon kun dheeratee jira rakkoo teknikaa ta'uu danda'a, itti yaadamees ta'uu danda'a. Akka odeeffannoo argannutti haalotni hammaataa jiru. Fakkeenyaaf Kaardiiwwan filattootaa naannoo Somaaleef kennamu meeqa akka ta'e akka ergamu boordiin filannoo paartileef beeksisuu qabu. Kaardii gara buufata filannoo deemu dorgomtootni beekuu qabu. yeroo galmee filannoo irrattis paartileen yookiin morkattootni taajjabdoota yookiin bakka buutota kennuu qabu, haata'u malee bakka garaagaraatti callisanii saanduqoota banaa gadi jiksu. Hanga ammaatti lakkoofsi kaardii nuuf kenname hin jiru. kanaafuu kan kanaan wal qabatan dhufaa jiru. Mallattooleen garaagaraa mul'achaa jiru. Guyyoota dhufaniif dhaabbatichi walitti dhufee ni mari'ata. Hojjettootnis jalqaba yeroo qacaraman firoomaan, hojjetaa mootummaa irraa yeroo ta'an dhibbaa dhibbatti hojjettoota mootummaa naannoo Somaalee paartii Badhaadhinaa irraati.Salphaadhumatti mootummaaf bitamuu danda'u. Haata'u malee odeeffannoo homaa osoo hin qabaatiin waan itti fufnu natti hin fakkaatu. Itti yaadanii waan godhanis fakkaata. Dabalataanis paartiin Badhaadhinaa qabeenya mootummaatti fayyadamaa jira. Dorgomtoota galmeessisiisuu hin dandeenye. Kan galmeessisiisaa jirru as Finfinneetti dha. Kana yeroo gabaasnu ni sirreessina jedhanii turan garuu wanti sirreeffamu hin jiru. Dorgomtoota keenya irra dhaadannoo fi doorsisni irra gahaa jira. Konkolaataa mootummaan duula gochaa jiru maaliif jennee erga gaafannee booda ammoo lakkoofsa gabatee irraa baasuu eegalaniiru. Kanaafuu haalotni akkaataa kanaan itti fufu yoo ta'e filannoo irratti waan hirmaannu natti hin fakkaatu. BBC Kaadhimamtoota mmeeqa, eessattis qophhesitaniittu? Obbo Ahimad: Naannoo Somaalee fi naannoowwan ollaa bakkeewwan sabni Somaalee keessa jiraatan akkasumas magaalaa Finfinneetti dorgomuuf yaadnee ture. Garuu dogogora kaadhimatoota keenyaan uumameen magaalaa Finfinneetti galmaa'uu hin dandeenye. Dirree Dhawaatti akka hin galmeesifne ammoo paartii Badhaadhinaan dhorkamne. Akkas yeroo jennu kaadhimamtootni keenya akka hin galmoofne dhorkamneerra. Hoggantoota boordii filannoodhaan hin galmooftan jedhamneerra. Garba Iissee, Befiitii, Hadegaalaa kaadhimamtootni jedhaman akkas jedhamuun, mallattesifamanii guyyaa sadii erga hidhamanii booda gaggedhiifamaniiru. Mooyalee, Kasurtuu fi Zolaaxxootti deemnee komishiinii filannoo maaliif nu hin galmeessitan jennee gaafanne jennaan ABBO [ONLF] akka hin galmeesine jedhamnee mootummaan nu ajajeera deebii jedhan nuuf kennan. Bakkeewwan itti dhorkame heddutu jiru. Hanga ammaatti naannootti buufataalee filannoo 237 fi Dirree Dhawaatti 15 tahan keessaa shan kan tahu irratti doorsifni waan irra gaheef dhiisanii bahaniiru. BBC: Boordii filannoo waliin sadarkaa naannoo fi federaalatti akka dhagahamuuf hammam deemtaniittu? Obbo Ahimad: Boordiin filannoo hamma humna isaanii rakkinicha furuuf yaalanii ture. Hiikuu warra dadhaban ammoo Finfinnee deemuun akka galmeesinu godhaniiru. Rakkoon kun akka hiikamu Aadde Birtukaan Miidhaksaa mootummaa naannoo waliin wal argina, Jigjigaa nan dhufa jettee ture. Hanga ammaatti eegaa jirra. Rakkinichi ni hiikama jennee amanna. Ammas filannoo irraa hafna jechuu miti. Rakkinichi yoo hiikame filannoo irratti hirmaanna. Yoo hiikamu baate garuu bu'aan isaa hamaa taha. BBC: Naannoo keessanitti sagalee caalmaa argachuuf carraa akkamii qabdu? Deeggarsa uummataa qabdan yoo ilaaltan? Gosa Ogaadeen qofamo kaanis bakka buutu? Obbo Ahimad: Nuyi gosa tokko miti. Waan akkasii warri dubbatan ilaalchi isaanii dhiphaadha jennee amanna. Nuyi kan qabsoofne, ammas kan qabsoofnuuf uummata Somaaleefidha. Negeellee, Fiiltuu, Goodduu Akur, Jigjigaa, Dirree Dhawaa keessatti uummata Somaaleef dorgomna. Ni mo'anna jennee abdii guddaa qabna. Sagalee uummataan kan murtaa'u yoo tahe maaliif kaadhimamaa akka hin dhiyeesine nu dhorku? Maalifis miseensota keenya hidhu? Nuyi paartii onnee uummataa keessa jirrudha. nama tokkoyyuu hin hiine, nama tokkoyyuu hin ariine. Kanaaf sagaleen filannoo yoo hin burjajjofne %89 sagalee arganna jennee amanna. Yoo burjaajja'e garuu akkuma Malals dhibbaa dhibba mo'anneerra jedhe nu jechuuf taha. BBC: Akkasuma osoo filannoodhaan mo'amtan, tole jettanii fudhattanii isa itti aanuuf irratto dorgomuuf qophiin keessan maal fakkaata? Obbo Ahimad: Dhibbaa Dhibba qophiidha! Sbabni isaas yeroo qabsoo hidhannoo irraa galle uummattni akkamii bahee akka nu simate osoo argite tahe. Ammas Qabiridaar, Waarder, fi Nageellee sochii guddaatu jira. Uummanni keenya akka nu filatu ni amanna. Akka paartiitti yoo mo'amnes ni fudhanna. Isa mo'ate waliin taanee hojjenna. Misooma uummataaf qabsoo keenya itti fufna, filannoo dhufuuf qophoofna. Kun kan tahu garuu filannoon bilisaa fi haqa qabeessa tahe yoo gaggeeffame qofaadha. Haala amma jiruun garuu '' mo'anneerra, koottaa nuu mallatteessaa'' yoo nuun jedhan ''burjaajesitaniittu hin mo'annedha'' kan jennu. BBC: Bara bulchiinsa Abdii Iillee badii gurguddaan isin walin wal qabatan raawwatamaniiru. Adeemsa mana murtii isaa hordoftanii beektuu? Badii isiniifi uummata irra gaheefoo himachuuf yaaddaniittuu? Obbo Ahimad: Nuyi Abdii Iillees tahe isa dura warra ture irr'attis, hoggantoota ADWUI fi ministerota muummee isa waliin hojjechaa turan mana murtii Afrikaa fi Idil-adunyaa irratti himanneerra. Uummata Somaalee irras uummata kaan irras miidhaa geesisaniif akka gaafatamaniif himanneerra. Ammas hordofaa jirra. Kan nama gaddisiisuufi kan namma aarsu garuu Abdii Iillee fi namootni isa waliin turan mana murtiitti kan gaafatamaa jiran miidhaa uummata Somaalee irraan gahan osoo hin taane, Hagayya 4 bara 2019 magaalaa Jigjigaatti miidhaa saba kaaniifi mana amanataa irraan gaheen qofadha. Kun sirrii miti jechuuf osoo hin taane waan kana dura hojjechaa tureenis gaafatamuu qaba jennee amanna. Ammayyuu hoggantootni TPLF hidhamanii jiran miidhaa uummata Somaalee irraan gahaa turaniif gaafatamuu qabu jennee amanna. Ni hordofna hanga haqni argamutti hin dadhabnu hin nuffinu. BBC: Gaaffii xumuraan Itoophiyaan haala amma keessa jirtu paartiin keessan akkamitti ilaala? Kaan diigamuuf qarqara irra jirti jedhanii kaasu. Akkasumas amma biyyattiin yerootti tokkuummaa'aa jirtudha jedhanii kan abdatanis jiru. Obbo Ahimad: Itoophiyaan karaa qaxxaamuraa irradha kan jirtu. Amma paartiin biyya bulchaa jiru gahee guddaa bahachuuqaba jedheen amana. Hirmaannaan paartilee mormituus akkasuma ol aanaadha. Biyyattiin kun akka amantaa keenyaatti filannoof fiiguu dura waliigaltee biyyaalessaa fidduu irratti xiyyeeffachuu qabdi. Maaliif? Paartilee gurguddoon filannoo kana irratti hin hirmaatan jechuun ni danda'ama. Maaliif? Amma Finfinnee jiru. Filannoof yeroo muraasadha kan hafe. Garuu kun mul'ataa hin jiru. Har'a akka kana duraa poosteriin filannoo hin mul'atu. Uummatni filannoof dhimma hin kennine jechuudha. Walitti bu'insi Oromoo fi Amaaraa jira. Walitti bu'insi Affaariifi Somaalee jira. Tigiraayis akkasuma rakkoodha. Kuni hundi osoo jiruu waliigaltee biyyaalessaa osoo hin fidiin gara filannootti fiiguun miidhaa hamaa tahe fida jennee amanna. Waan hunda irrattilee yoo wal tahuu baanne yoo xiqqaate adeemsaa fi hirmaannaa filannoo irrattillee osoo wal taanee jenne amanna. Ani dhuunfaakoon biyyattiin haala hamaa , haala yaaddessaa keessa jirti jedheen amana. Waa'ee carraa Itoophiyaa boruu beekaa? Hin beeku. Fuulduratti deemee jiraachuu keenya hin beeku.
oduu-50612538
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50612538
Dr Henook Gabbisaa: 'Ida'amni Lammaa Magarsaa hir'ise ida'ama miti'
Ida'uu jennee dubbanna yoo ta'e, namoota biyyattiif oolmaa olaanaa olan kan akka Obbo Lammaa Magarsaa ofiirraa hir'isaa gonkumaaa ida'ama dhugaa fiduun rakkisaadha jedhan, Yunivarsitii Waashingteeniifi Leetti barsiisaa Seeraa kan Dr. Henook Gabbisaa.
Dr. Henook har'a BBC'tti akka himanitti, namoota siyaasa biyyattii keessatti bakka olaanaa qaban ofiirraa hir'isaa, yaada isaanii hi'risaa, amantaa isaanii hir'isaa, ida'amuun hin danda'amu jedhaniiru. Yaadni walitti baqu kanarratti Obbo Lammaan akka hin fudhannee shakkiin jiraatulleen amma isaanumarraa dhagahuun mirkanneeffachuu kan himan Dr. Henook, ''walqoodiinsi kunis ammaan tana ta'u kan hin malledh," jedhu. Kanaafis sabanii yoo eeran, ''waldhabdee umamuun mooraan qabsoo Oromoo harcaa'uu hin qabaatu jedhee waanan amanuufiidha,'' jedhaniiru. "Obbo Lammaa Magarsaas ta'e MM Abiy Ahimad, namoota biyyattiif oolmaa guuddaa oolan waan ta'aniif mataa walitti qabachuu qabu. Gaaffii uummata Oromoo deebiifna yoo jedhan, nuti hooggantoota uummata Oromooti yoo jedhan, MM Abiy yaada Obbo Lammaa Magaarsaa dhaggeeffachu qabu,'' jedhu Dr Henook. Odeeffannoo biroo kana waliin walqabatan kana keessaa dubbifadhaa: Aanga'oonni Itoophiyaa dimokiraasii ijaarra yoo jedhan, yaada mormiis keessummeessu qabaatu jedheen amana kan jedhan Dr Henook, ammas murteen ida'amuu madda waldhabdee ta'e kun keessa deebiin ilaalalamu qabaata jedhaniiu. Yaadni Obbo Lammaa yaada nama dhuunfaa miti Yaadni Obbo Lammaa yaada nama dhuunfaa osoo hin taanee akka yaada uummata Oromiyaatti ilaalamu qabaata. 'Keessattuu Obbo Lammaan jaarmiyaa siyaasaa Oromo kan ta'e ODP uummata Oromootiin walitti araarsuun nama oolmaa guuddaa ooleedha jedheen amana, jedheera. ''Ummata Oromoofi sirna siyaasa biyya sanaa kan walitti araarseedha.'' Kanaafuu nama kana sagaleesaa hi'isuun hin ta'u kan jedhan Dr Henook, ''ida'amni Lammaa Magarsaa hir'ise ida'ama miti'' jedhaniiru. Waldhaggeettiin dhiibee garaa garummaan cime ammoo siyaasni biyya sanaa balaa guddaarra bu'uu mala jechuun yaaddoo qaban ibsu. Haalaa amma jiruun Dr Abiy kana kan fudhatan hin fakkaatan kan jedhan hayyuun seeraa kun, nageenyaafi cee'uumsa biyyaattiif jecha garuu dhaabbatanii ilaaluun dirqama jedhaniiru. Kana malees, mooraan qabsoo Oromoo bakka tokkootti funaanamee, gaaffiin uummata Oroomofii gaaffiin saboota biyyattii kan biraa akka deebiyuuf kan fedhan yoo ta'e, Abiyyiifi Lammaan waliin ta'anii hojjachuun diraqama jedhaniiru. 'Siyaasa jechuun aartii kennannii fudhachuuti' Abiyiifi Lammaan osoo aadaafi afaan tokko qabaniifi uummata tokkoof qabsaa'anu walii galiigalteen hojjachuu dhabuun adeemasa siyaasaa keessatti baayyee rakkisaadha, jedhu. Siyaasni mataansaa aartii walii kennanii fudhachuu waan ta'eef, adeemsa siyaasaa keessatti wal dhaggeeffachuufi yaada mo'aadhaafis moo'amuun murteessaadha jedhu Dr. Henook. Dr Henook BBC'tti akka himaniiti, MM Dr Abiy yaada Obbo Lammaatiif dursa kennuu qabu. Sababiinsaas yaadni Obbo Lammaa yaada siyaasaa olaanaafi bilchaataa ta'eefidha jedhaniiru. Walitti baquun gaaffii ummata Oromoo kan deebiisu yoo ta'ee rakkoo hin qabaatu kan jedhan Dr Henook, haata'u malee, ijaaramni haaraan gaaffii akka sabaatti gaafatamaa tureefi deebii quubsaa kan kennu natti hin fakkaatu jechuun shakkii qaban ibsu. Kanaafuu Dr. Abiy dhaabbatee Obbo Lammaa waliin marii ifaafi haqa qabeessa ta'ee taasisuufi adeemsa isaa irra deebiin ilaalu qabas jedheera. Kana malees, Obbo Lammaan qoondaala motummaa olaanaa ta'ee osoo jiruu gaaffiifi deebiin inni raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin taasisee akka hin dabarfamneef dhorkamuusaa gaddisiisaadha jedhaniiru. Dr Henook Gabbisaa Wal-dhaggeettiin dhibnaan maaltu ta'a? Siyaasa biyyattii haala barbaadamuun fuulduratti tarkaanfachiisuuf waligalteen Abiyyiifi Lammaa murteessaadha kan jedhan Dr Henook, kana gochuuf gaheen olaannaa MM irra akka jiruu dubbatu. Waliigalteen gidduu isaaniitti uumamuu hafnaan garuu, haalli siyaasa biyyattii gara hin taaneetti deemuu danda'a jechuun yaaddoo jiraachuu malu akeeku. Kanas yoo ibsan, Obbo Lammaa Magarsaa gara aangoo gadhiisuutti deemuu danda'u kan jedhan Dr Henook, kana jechuun ammoo Lammaan gara mormitummaatti ce'u jechuudha jedhaniiru. Kana malees Lammaan tarkaanfii akkasii fudhata taanaan, namoonni hooggansa Lammaatti amanan waan jiraniif adda qoodiinsa guddaa siyaasa keessatti uumuun, MM Abiy irratti gufuu oolaana ta'u mala sodaa jedhu qabaachu himu. Keessattuu filannoo dhufurratti sagaleen uummataa akka harca'u taasisa jedhaniiru. Karaa biraatiin ammoo paartiilee mormitoota Oromootiif carraa guddaa bana jedha Dr Henook. Obbo Lammaan maal jedhanii? Ministarri Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi Itti aanaa dura taa'aan ODP, Obbo Lammaa Magarsaa, falaasama Ida'amuufi walitti baquu paartiilee jalqabarraa kaasanii akka hin fudhanne ejjennoo isaanii ibsaa ifa taasiseera. Gaaffiifi deebii kaleessa Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin taasisanii: ''Walumaagatti jalqabarraa kaasee walitti makamuutti kan hin amannee ta'uu kiyyaa koree hojii raawwachuftuufis hundaafuu bal'inaan ibseen jira" jedhaniiru. ''Walitti baquun paartii kanaa sirri miti, sirri ta'ulleen amma yeroosaa miti jedhee waanan amanuuf ejjannoo kiyyaa kanaan ala of taasiseen jira,'' jedhuu Obbo Lammaan. Sababii isaas yoo himan: ''Tokkooffaa nuti hooggantootni Oromoo sabni nu amanee gaaffii gurguddaa nutti kenneetu jira. Nutis isiniif deebiifna jennee waadaa galleerraaf. Kanaafuu gaaffii uummatichaa ODP'n osoo hin deebisiin paartii haaraa dhaabuun waadaa nyaachu ta'a,'' jedhan.
oduu-42490773
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42490773
Mana barnootaa dubartoota Chaayinaa 'naamusa' barsiisu
Baroota dhiyoo keessa wiirtuleen leenjii kan dubartoota 'qajeeloo' taasisu guutummaa Chaayinaatti babal'ataa jira. Bakka leenjii kanatti dubartootatti kan himamu hojiifi dubartummaan walitti hin makamu jechuudhaan hojii barumsa hin barbaachifne akka hojjetan dirqisiisu. Garuu dhimmi kana keessa maaltu jira laata?
Vidiiyoon dhiheenya kan gadiifame tokkos 'mana barbootaa naamusaa' keessatti dubartoonni Chaayinaa jilbinfatannii akka harkaan lafa qulleessan dirqisiifamu. Oduun Chaayinaa Kaabaa magaalaa Fushuunitti akka seeraa aadaa keessa jiruufi duraan tureen dubartoonni "qajeelummaa dubartii" barsiifamaa jiru jedhu dhaga'amu guutummaa biyyattiin haariidhaan guutamte. Ergaawwan ijoon dubartoota manneen barnoota kana hordofaniif dhiyaatan keessaa: Bulchaan naannoo Fushuun deebii kennuuf yerroo itti hin fudhanne. "Barsiifni dhaaba kanaa faallaa dudhaa hawwaasaati," jedhe biiroon barnoota Fushuun ibsa isaa keessatti. Qeequmsa Chaayinaa keessatti karaa pireesiifi miidiyaa hawaasummaa dabalaa dhufeen, anga'oonni magaalattii dhaabbanni waggaa ja'a lakkoofsise akk cufamu ajajan. Intala waggaa toorbaa kan taateefi takkaa kan wiirtuu Fushuun kanatti leenjite Jiingiin, bu'aa tarkaanfii sanaa arguu kootti baayyee akka gammadde BBC tti himte. Amma Jiibgi waggaa 13 geesseetti. 'Qeqera' akka taate itti himamee haadha ishee wiirtuun sun barnoonni aadaa of keessa qabu sun akka ishee qalbii/naamusa horattu naaf taasisa amantaa jedhu qabduun gara wiirtuu kanaatti ergamte. Barsiisaa tokko dubartoonni yoo abbaa warraa isaan gaafatu hundatti 'tole, rakkinni hinjiru fi haa ta'u,'' qofa jechu akka qabaatan gorse . Akuma haadhotii biro ijoollee isaanii akka leenjii sana hordofan erguuf dirqamanii haati Jiingis baadiyaaatti guddattee barumsa xiqqoo qabdi. Jiiingi rakkoo dabarsite sana ni yaadatti, "Akka hojii leenjichaatti, arka koo qullaa akkan mana fincaanii qulqulleessun dirqamaa ture." "Akka malee jibbisiisaadha!" Waanti akka Sanaa waanta dubartiin hojjechuu qabdudha, dubartiin dhiira gargaaruuf uumamte. Jiingi hanga har'aa maaliif yeroo mana fincaanii qulqulleessaa turtetti akka gowaantti hin kee hinineef, maaliifimmoo adeemsa rakkisaa akkasii keessatti hirmaachuun akka barbaachise hin beektu. ba'uun. Malli barsiisuun barbaachisaan kan biraan barattoonni yakkawwan hojjetan maatii isaaniifi angafoota isaanii biraatti of himuu qabu. Jiingi akka jettutti sirnni barnootaa barmaatilee durii irra deebiyanii jechhu/raawwachuurraa hanga hojii manaa hojjin agarsiisuufi yeroo waanta akka dhidhiibbaa qoor-qalbii fakkaatuun waliifi qooduu dabalata. Bara jaarraa fi'udaalaatti ''naamusin dubartootaa' chaayinaa baayyee babalatee ture. "Kaampiin guyyoottan toorban keessatti leenji'an kun namoota idileef bakka hin qabu. Amma sammuu namaa jallisutti obaafamuu yeroo Sanaa obsuu hin danda'u, achumaan guyyaa afraffaa dallaa sibiilaan ijaarame kireen baqadhee sokke." Namoonni baratan hedduun magaalota gurguddoo kan akka Beejingiifi SHangaa'i barnoonni akkasii jiraachuun kan isaan rifachiisuufi waan badaa ta'uu danda'a. DHugaa jiruun garuu, barmaatileen boodatti hafoo akkasii kun magalota xixiqqoo Chaayinaa, keessumaa naannoowwan baadiyyaatti keessatti akkuma itti fufanitti jiru. Waggoota kumaatamaaf jaarraa Fiwudaala CHaayinaa keessa "qajeelummaan dubartii" akka seera ittiin bulmaataa dubartootaa ta'ee bal'inaan fudhatamaa ture. Kun abbaa, abbaa manaafi ilma ofiif abboomamuu; durbumaa ofii kabajuufi eeggachuu, akkasumas dubartiin kennaa hin qabne akka qejeeltuu taate hubachuu dabalata. Chaayinaa durii keessatti seeronni kun manaafi mana barumsaatti akka meeshaa ittiin dubartoota garboofataniifi acuucan gargaaraa ture. Hnaga Dura ta'aa Maa'oon murtee, "dubartoonni walakkaa samii qabatu" ejjennoo agarsiisutti hin turre, erga Rippabilikni Uummata Chaayinaa bara 198 hundeeffamee dubartoonni CHaayinaa sadarkaa haawwaasaatti ol ba'uu eegalan. Carraa yaadonni fiwudaalaa maqaa aadaa durii jedhuun deebiyee dhufuu, hedduuf yaaddoo dhugadha. Bartoonni fakkii harkaan hojatame fulduratti gombiifamuun 'cubbuu' isaaniif dhifama akka gaafata taasifamu. Qarshii argachuuf Ilaalchi/dudhaan uumamuu dhaabbilee kana duuba dhimmaa tokkicha miti. Wiirtuu Aadaa Fuushuun fudhadhu. Biiroo dhimmaa hawwaasummaa Fuushuniin akka "Akka walitti qabama sabaa" ta'etti mirkanaa'ee, akka mana barumsaa gaggeessaniifi garuu beekamtiin hin kennamneef. Sun garuu warra kan hundeessa manneen barnootaafi kaamppiiwwan leenjii magaalota gara graa guutummaa Chaayinaa keessa jiranitti banuu isaan hin dhowwine. Akka gaabaasa miidiyaatti osoo hin cufamiin dura barattoota 10,000 qaba ture. Viidiyoo beeksisaa keessatti gaggeessaan ol-aanaa dhaabbatichaa Kaangi Jiinsheengi dhaabbatichi guutummaatti maallaqa bartootarra argamuun gaggeeffama. Hojii kana biraati hojjetu uffata aadaa Chaayinaa hojjechuun karaa toora interneetii gurguruu ykn qophiiwwan aadaarratti dhiyeessuu hojjetu. Manneen barnoota kunneen baayyeen isaanii baadiyaa xixinnootti argamu. Wiirtuu leenjii sun kan xiyyeeffate maatiiwwan ijoollee rakkisoo ta'an qaban ta'ee karaa aadaa duriitiin jijjiiruuf waadaa galuudhaan. Kampaanotattis of beeksisuun barsiifni isaa waajira isaanii naannoo hawwataa akka taasisu godha jedh Barattoonni baayyeen dubartoota baadiyyaa barnoota xiqqoo qabniifi muraasni ammoo warren gaa'ela isaaniitti hin gammanneefi abbootii warraa isaaniittin akka hin taanetti qabamanidha. Wiirtuuwwan akkasii kun maqaa aadaa Chaayinaa beeksisuu jedhuun sobanii qarshiifi hojjetu. Sababii seera qabeessummaan isaanii gaaffii kaaseef ykn qabiyyee barnootaa hin mirkanaa'iin waan fayyadamaniif hedduun isaanii cufamaniiru. Haata'u malee, baayyoonni isaanii ammallee hojjetaa jiru. Wirrtuun inni guddichi Fuushuun jiru cufamulleee dameewwan isaa bakka biroo jiran hanga ammaatti hojjechaa jiru.u.
oduu-47354174
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47354174
Miidhama saalaa: Shamarree waggaa shaniif 'obboleessa isheen gudeedamte'
Finfinnee, naannoo Magganaanyaa qe'ee jiru kana callisi dhuunfateera. Ijoolleen daa'ima baatan torba yookiin saddeet tahan mooraa guddaa tokko keessaa bahaa turan. Hunduu ijoollee tahuu isaaniif haadhummaaf kan hin qaqqabne tahuun isaanii qalbii namaa harkisa.
Isaaniin darbinee ol seenne. Shamarree waggaa 23ti. Fuula isheerraa waa dubbisuu hin dandeenye. Waggoottan duraa gara iddoo kanaa yoo dhuftu iyyata hojii galchuuf yookiin hojii jalqabuuf hin turre. Inumaayyuu obboleessa isheetiin gudeedamtee miidhamni qaamaafi xiin-sammuu waan irra gaheef, bayyannachuuf lafa baqaa barbaadeetti. Waan irra gahe sodaaf namallee ija guutuun akka hin ilaalle, dubbachuun akka ishee dhibu yaadatti. ''Jireenya ulfaataafi gaddisiisaa dabarseera,'' jetti. Garuu har'a iddoo garaashee gahuufi abjuushee jiraachuu akka feetu dubbatti. Har'a yeroos yeroo gudeedamte iddootti dahatte, dhaabbata dubartoota dirqiin gudeedamaniif gargaarasa kennu Waldaa Boqonna Dubartootaafi Ijoollee keessaa hojjetti. Yeroo dabarsite yaadachuun kan ishee dhukkubsu yoo taheyyuu dubartoonnii haleellaa saalaaf akka hin saaxilamne ni barsiisa jettee ijaa yaaddeef seenaashee nuuf qooddee jirti. Obboleessi ishee poolisii ishee barsiisuuf gara Finfinnee ishee fide. Yeroos umriinshee 16 ture. Mana kiraa keessa jiraatu ture. ''Ijoollee waanin tureef dubbatachuuyyuu nan sodaadhan ture. Nama gaafan argus waan wal-fakkaataa kan narraan gahu natti fakkaata.'' jechuun eelaashee dubbatti. Namni ishee argee icciitiishee waan beeku ijaa itti fakkaatuuf mana barumsaa deemuu dhaabde. Obboleessi ishee waggaa shaniif yeroo waliin jiraatan dirqiin ishee gudeedeera. Ulfas al sadii akka baastu ishee taasisuu dubbatti. Ijoollummaan, miidhamniifi doorsisni obboleessashee ustee akka teessu ishee gochuu dubbatti. Mana geeddarachuun isaanii carraa seenaashee itti dubbattu baneef. Warri mana haaraa kireessaniif haalashee arguun, ''maaliif namatti hin dhiyaattu? Fira isaati moo?'' jedhanii ishee gaafatu. Gaaffiin lamaanuu isheef ulfaataa ture. Garuu gidiraa keessa jirtu keessaa bahuu waan barbaadduuf deebii kennuu hin barbaanne. Gama biraan dhugaa jiru dubbachuun rakkoo itti tahe. Akka taate taatee waan irra gahe warra mana kireessanitti himte. Isaanis dubbichaan nahanii, buufata poolisii ishee dhaqatan. Ergasii dhaabbata dubartoota leenjisuufi tajaajila seeraa kennu, Waldaa Boqonnnaa Dubartootaa (Association for Women's Sanctuary and Development) jedhamutti geeffamte. 'Maatiin natti farade' Dubbiin kun gara seeraa akka deeme kan dhagahan maatiinshee, 'inni kana hin godhu isheen ijoollee ijaa taateefi'' jechuun ishee amanuu hin dandeenye. Dubartoota leenjii fudhatan keessaa tokko Keessumaa obboleettiinshee angafti ''maqaa obboleeyyan ishee balleessuufi kana goote jechuun ishee morkachuu dubbatti. ''Haadha kootii alatti maatiin hundi ana balfe,'' jetti Gama biraan yeroo buufata poolisii deemteetti dubartoonni sodaatanii akka hin dubbanne akka godhaman dubbatti. Qooqa namaa gaddu hin qabneen ''as koottu'' ''achi deemi'' hanga har'aa maal hojjetta ture? akka jedhamtes dubbatti. Kuni seenaa dubartoota baayyeeti. Hawaasni akkas waan gooteefi, akka sana otoo gooteetta tahee jechuun balleessummaan boquu akka cabsan dubartoonni godhaman lakkoofsa hin qaban. Dur iddootti baqattee amma immoo iddoo hojiishee kan tahe kanattii dubartoonni obboleessa, abbaafi akaakayyuun gudeedamanii daa'ima godhatan ishee mudataniiru. Hundinuu maatiif hawaasaan gudeedamuu isaaniif balleessummaan komatamaniiru. ''Ani waa'ee seeraa hin beeku garuu akkan argetti yoo taheef waan jiru namatti hin tolu.'' Carraa garaagaraan warri gudeedan bilisa tahanii adeemu. Haaluma wal fakkaataan dhimma isheerrattillee himannaan banamee kan ture yoo taheyyuu, obboleessishee otoo hin gaafatamiin hafuu dubbatti. ''Gargaaruuf hayyamoo tahuu qabna'' Irra deddeebiin ulfa waan buusteef miidhama irra gaheef yaalii hordofaa turteetti. Sababuma kannaan dhukkuba dugdaa waan godhatteef saqqii hakiimaan ajajame godhattee ture kan nu dubbistu. Kuni hunduu tahee garuu ''xiin-sammuun koo baayyee miidhameera. Keessumaa waa'een maatii koo baayyee na miidheera,'' jetti. Fedhiinshee tokko ture, addunyaa kanarraa godaanuuf of ajjeessuu ture. Dhumarratti kanarraa kan ishee baraare gara dhaabbata kanaa dhufuu akka tahe dubbatti. Dhiintee/dandamattee ofiitti erga deebiteen booda leenjii ogummaa garaagaraa fudhattee jirti. Dhaabbatichi leenjii ogummaan dabalata dubartoota gudeedaman kunneniif leenjii qaamaaf ittisaaf gargaaru ni kenna, isas fudhatteetti. Namoonni yeroo miidhaman waan baayyee hin barbaadan. Homaa dhagahuus gargaaruu barbaaduu dhiisu malu.'' Haa tahu malee namoonni nama gargaaru barbaadan baayyee ijaa jiran kanaaf nuti gara fuulduraa tarkaanfachuuf hayyamamoo tahuu qabna,'' jetti. Miidhama isheerra gahee keessaa bahuuf jabina kan argatte ofii isheerraa ture. ''Of amanuun koo jireenya koo bade sirreessuu akkan danda'u amanuun koo na gargaareera'' jetti Yoo dubbachuu baataniyuu seenaa wal-fakkaataa dubartoonni qaban akka jiran yaaddi. Hawaasni seenaa isaanii dhagahee quba itti qabuufi madaa isaanii dhiigsuu mannaa irra barachuu akka danda'u dubbatti. ''Dubartoota guftaa mataatti maratanii deeman yeroon argu seenaa koo waan qaban natti fakkaata'' jetti homaa yoo gochuufi baattellee akka isaan dubbistuufi itti haasoftu himti. Hawaasni waa'een dubartootaa kan isa yaaddessu yoo barteefi yoo amane dha. Yoo akkas tahe karaatti dubartoota gargaaru hin dhabu jetti. Maatiin ijoollee isaanii nyaatanii, dhuganiifi mana barumsaa dhaqanii kan jedhuun dabalata haleellaa manaafi manaa alatti akka raawwatamu yoo baran of eeggannoo akka taasisan isaan gargaara jetti. ''Eenyu na barbaada?'' Dhaabbatni amma keessa hojjettu kun dubartoota ''eenyu na barbaada?' jedhanii of ajjeessuu barbaadan gargaaruuf yaala. Dubartoota kunneeniif deeggarsa ogummaa kennunis waggaa 15 hojjeteera. Hundeessituun dhaabbatichaa aadde Maariyaa Muniir dubartoonni isaan gargaaran amma jireenyi isaanii geeddaramee yoo arguun waan guddaa akka tahe fuula feesbuukii seenaa dubartoota milkaa'oo maxxansu irratti dubbataniiru. Dhaabbatichi Finfinnee,Daseefi iddoo gargaagaraatti dubartoota injinaariingii,maanejimantii baratan hammatee jira.Shamarreen seenaashee nuuf qooddees Finfinnee keessatti leenjisummaan tajaajilaa jirti.
oduu-44327077
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44327077
Deenmaark hijaaba kan fuula doksu dhorkite
Deenmaark uffanni fuula haguugu akka hin uffatamne seera paarlaamaadhaan labsite.
Erga Paarlaamaan Deenmaark gaafa Caamsaa 31,2018 hijaaba dhorkee dubartoonni hijaaba uffatanii suura ka'uun masaraa Christianborg kan Copenhagen keessatti argamu duratti ba'an Seera akkasii baasuudhaan boodana biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaatti kan makamte Deenmaark ,labsiin isheen baaste kun dubartoota muslimaa hijaaba uffatan irraan dhiibbaa geessiseera. Labsiin kun kaleessa sagalee 75n kan darbe yoo ta'u har'a(Waxabajjii 1, bara 2018) irraa eegalee hojiirra oola. Namni seera kana cabse maallaqa doolaara 157 adabama, kan irra deddeebiin seera kana cabsemmoo si'a kudhan adabama jedha seerri kun. Seerri haaraan kun kallattiidhaan dubartoota muslimaarratti xiyyeeffachuu baatus, ''namni hawaasa keessatti uffata fuula haguugu uffatee argame kamiyyuu maallaqaan adabama '' jedha. Ministirri Haqaa Deenmaark Søren Pape Poulsen ''Kallattii duudhaa qabnuutiin yoo ilaalle, hawaasa akkamii fi aadaa akkamii qabna kan jedhu hubachuu qabna. Ijaa fi fuula keenya haguuguu hin qabnu. Wal ilaaluu danda'uu qabna. Fuulli keenya guutummaa guutuutti mul'atee waliin dubbachuu qabna,kun duudhaa Deenmaark keessa tureedha.'' jedhan. Dhaabbati Amnesty International seera Deenmaark baaste kana mirga dubartootaa sarbuudha jechuun qeeqeera. Bara darbe garuu Manni Murtii Mirga Namoomaa Awurooppaa wayita seera akkasii Beeljiyem keessatti labsu, fuula haguuguun amantaa agarsiisuuf jecha mirga namni dhuunfaa tokko jireenya hawaasummaa keessatti qabu sarbeera jedhee ture. Seerri kun Awurooppaa keessaa eessafaa jira? Yeroo jalqabaaf seera kana bara 2011 kan baaste Faransaayi. Ji'oota muraasa booda Beeljiyeem itti aantee seera fuula haguuguu dhorku baaste. Ergasii biyyoonni akka Austria ,Bulgaria, Jarman gara kibbaa kutaa biyyaa Bavaria fi Dutch keessattis hojiirra ooluu eegale.
oduu-50107226
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50107226
Kitaabni Ministira Muummee Abiy Ahimad, 'Ida'amuu' maal hammate?
Kitaabni Ministira Muummee Abiy Ahimad barreessaniifi mata duree 'Ida'amuu' jedhu qabu guyyaa har'aa Finfinnee Galma Barkumee fi magaalotaa 20 ol Itoophiyaa keessatti eebbifamera.
Osoo aangootti hin bahin dura MM Abiy Ahimad maqaa dhoksaan kitaaba barreessanii turan Sirna Eebbaa Galma Barkumeetti gaggeefame kanarratti Pireezidantii duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomaa(PhD), Giifti duree Adde Zinaash Taayyaachoo, Kantiibaa Itti aanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa dabalatee aanga'oonni olaanoon argamaniiru. Ministirri Muummee Abiy erga gara aangootti dhufani kitaaba yeroo eebbisiisan kun isa duraati. Kan dura Satatee fi Irkaabinnaa Mambar kan jedhaman dabalatee kitaabota afur maqaa dhoksaatin gabaarra oolchuu isaanii himaniiru. Maqaaan kitaabni kuni ittiin waamamu jecha Ministirri Muummee Abiy erga gara aangootti dhufanii biyya keessas ta'e biyya alaa yeroo hedduu dubbatanidha. Qabiyyeen kitaaba kanaa kallattii siyaasaa, diinagdee akkasumas hariiroo dhimma alaa itoophiyaa kan akeeku akka ta'e Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera. Dabalataanis, walgahii Koree Giddugaleessaa booda ibsa dhaabni isaanii ODP baaseen ilaalcha ''Warraaqsa Dimookiraasii'' biyyattiin waggoota 20 olif ittiin bultu 'Ida'amuu'n bakka buusuuf mari'atamaa akka jiru ibseera. Kitaabni kuni Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa akkasumas Afaan ingiliziin akka barraa'e kan ibsame yoo ta'u baay'inni isaas miiliyoona 1 ta'un gabaafameera. Gatiin kitaaba tokko birrii 300 yoo ta'u qarshii gurgurtaa kitaabichaa irraa argames manneen barnootaa ijaaruuf akka oolu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru. Eebba Kitaabaa Eebbi guyyaa har'aa bakka Ministirri Muummee Abiy argamanitti Magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti taasifamaa jira. Sagantaa kana irratti haati warraa isaanii Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachaw, Kantiibaa Itti - aanaa Finfinnee Taakkalaa Uumaa, Pirezidantii duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomaa (PhD), ministiroonni, hoggantoonnii, namoota aartiifi kaan argamaniiru. Sagantaa har'aa Kantiibaan Itti -aanaan Finfinnee Taakkalaa Uumaan (Injiinara) kitaabicha keessaa Afaan Oromoofi Afaan Amaaraan dubbisuun eegalaniiru. Gameessi nama siyaasaa Obbo Leencoo Baatii sagantaa kana irratti waa'ee kitaabichaa xiinxala dhiheessaniiru. Akka Obbo Leencoon jedhanitti kitaabni kun boqonnaa ijoo afur qaba. Fedhiin dhala namaa maal akka ta'e, ilaalcha siyaasa namootaa, diinagdee akkasumas inni afuraffaa hariiroo biyya alaa akka ta'e eeran. Kitaabni kuni akka ummataafi biyyaa akkamin itti fufuun danda'ama waan jedhuf furmaata kennuuf yaala kan jedhan Obbo Leencoon, bareessaan kitaabichaa rakkoon ijoo Itoophiyaa qofummaa akka ta'e eera jedhan. Qofummaan namooni waliitti dhufun rakkoo isaanii akka hin furre humna nu fuudheera jechuun barbaachisummaa 'Ida'amuu' dubbata jedhan. Morkiifi wal gargaaruun madaallii isaanii akka hin eegne kitaaba keessatti ibsameera kan jedhan Obbo Leencoon, walumaa galatti humna, qabeenya walitti qabuufi kuusuun humna horachuun bu'aatti qajeeluu qabna ilaalcha jedhu qaba jedhan. Kitaabni 'Ida'amuu' Maal Of Keessaa Qaba? Wantoota hunda akka haaraatti eegaluurra waan gaarii dura ture irratti kuusuu irratti kan xiyyeeffatu 'Ida'amuun' qofa qofaatti ifaajuurra gara tokkotti walitti dhufuu /sassaabamuu/ jajjabeessa. Dabalataan yaadawwan, qabeenya, beekumsafi humna jiru walitti qabuunis faayidaa qabeessa ta'uu hima. Kaayyoowwan ijoo yaada Ida'amuu Itoophiyaa keessatti injifannoowwan siyaasaa fi diinagdee gaggaarii babal'isuu, dogongoroota raawwataman sirreessuu fi faayidaa fi fedhii dhaloota itti aanu milkeessuu dha kitaabni Ministirri Mummee Abiy Ahimad barreessan. Yoo kaayyoowwan kunneen milkaa'anis badhaadhinni biyyaa ni argama jedha. Haaluma kanaan galmootni yaada 'Ida'amuu' tokkummaa sab-daneessa uumuu, kabaja lammiilee fi badhaadhina fiduu dha. Ida'amuun mala jijjiiramni biyyattii keessa jiru ittin hoogganamudhas jedhama. Ka'umsa fi bu'uurawwan Ida'amu "Namni uummama hawaasummaa kophaasaa jiraachuu hin dandeenyeedha" kan jedhu yaadni 'Ida'amuu' dhalli namaa deeggarsa nama biraa akka fedhu hima. Kana malees dhimmootni siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdees walin-hidhata kan qaban ta'uu fi 'Ida'amuun' midhaagina wal hubachuu irraa uummamu ta'uusaas eera. Dhimmootni kunneenis namootni akka 'Ida'aman' yookin wal deeggarsaan akka hojjetanif sababadha jedha. Yaadni Ida'amuu akka milkaa'uf immoo dhimmi biyyaa na ilaallata jechuu fi kakka'umsa agarsiisuu, wal morkii fi wal deeggarsa madaalawaa uumuu akkasumas galma waliinii qabaachuu fi dhimmoota waloo irratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta'uu kitaabichi hima. Ida'amuu fi Siyaasa Ilaalchi siyaasaa 'Ida'amuu' haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiru fi muuxxannoowwan idil-addunyaa ilaalcha keessa galchuun kan bocame ta'uu isaa kitaabni Ministira Mummee Abiy Ahimad hima. Haaluma kanaan tarsiimoon siyaasaa 'Ida'amuu' kutaalee hawaasaa hunda-galeessa kan ta'e, injifannoowwan kan babal'isu, dogongoroota Ikan sirreessu fi badhaadhina dameelee heddu fiduu irratti kan xiyyeefate dha jedha. Itoophiyaan falaasamawwan siyaasaa biyyaalee garaagaraa irraa fudhataman hojiirra oolachaa akka turte kan himu kitaabichi ilaalchi siyaasaa 'Ida'amuu' immoo falaasamawwan siyaasaa gabaa bilisaa fi soshaalizimii irraa duudhaalee kan fudhatu akkasumas qabeenya raabsurra omishtummaa guddisuu bu'uura kan godhate akka ta'e hima. Gama biraatin "cunqursa kallattiis ta'e cunqursa gama caasaatin raawwatamu dhabamsiisuuf dimokiraasitu fala" kan jedhu Ida'amuun yeroo gabaabaa fi giddugaleessaa keessatti dimokiraasii waligaltee bu'uura godhate ijaaruun kaayyoo isaati. Ida'amuu fi Diinagdee Rakkooleen diinagdee Itoophiyaa heddu kan jedhu kitaabni Ida'amuu qoodinsi fi fayyadamummaan qabeenyaa haqa qabeessa ta'e dhabamuu, hanni baay'achuu, idaan (liqaa) biyyattiirra jiru guddachuu, qaala'iinsa gatii fi jireenyaa, dameen dhuunfaa dadhabaa ta'uu fi hanqinna bajataa isaan muraasa akka ta'an hima. Gama biraatin Itoophiyaa keessatti waggaa waggaan lammiileen miiliyoona lamaa humna namaa hojiif gahaa ta'etti ni makkamu. Haa ta'u malee yeroo ammaatti diinagdeen biyyattii waggaatti lammiilee miiliyoona tokko ta'an qofaaf carraa hojii uumaa jira. Kun immoo lakkoofsi lammiilee hoji dhabdootaa miiliyoona 10 hanga 14 akka ta'u taasiseera. Dabalataan mootummaan baasii ofii uwwisuu dadhabuun alatti liqaan waliigalaa biyyattiirra jiru doollaara biiliyoona 50 gaheera. Kanaafis carraan hojii bal'aa akka uummamu, diinagdeen beekumsa irratti hundaa'e akka ijaarramu fi uummatni galii giddugaleessaa qabu akka heddummatu gochuun mul'atawwan yaada Ida'amuu keessaa muraasa. Kanaafuu cabiinsa diinagdee kana fayyisuuf "mootummaan sochii diinagdeef haala mijataa uumuu, fayyadamummaa haqa qabeessaa mirkaneessuu akkasumas dorgomtummaa fi wal tumsuun akka jiraatuf hojjechuu qaba" jedha. Dabalataan diinagdee dameelee heddu bu'ureeffate ijaaruu (qonna ammayyaa, tuurizimii, albuuda…), biyyaalee biroo walin hidhata diinagdee fi inestimantii uumuu akkasumas alergii guddisuu fi omishaalee biyyaalee biroorraa bitaman kan biyya keessatti omishamaniin bakka buusuun dhimmoota xiyyeeffanoon irratti hojjetamu ta'uus hima. Gufuuwwan Dhimmoota diinagdee, hawwaasummaa, siyaasa fi hariiroo biyyaalee biroo irratti kan xiyyeefatu Ida'amuun gufuuwwan galma gahiinsa isaa danqan akka jiranis hima. Gufuuwwan kunneen immoo harka caalmaan ilaalcha yookin yaada bu'uura kan godhatani dha. Akka fakkeenyaatis yaada ana qofatu sirriidha jedhu, morkataa walin walitti dhiyaatanii hojjechuuf fedhii dhabuu, haala qabatamaa jiru walin imaluurra yaada dursanii qabatan qofa hordofuu, walitti hidhamiinsa dameelee garaagaraa haalaan hubachuu dadhabuu, faayyidaa yerootif jecha yaada osoo hin madaalin fudhachuu fi kunneen birooti.
45905135
https://www.bbc.com/afaanoromoo/45905135
Atileetiin Keeniyaa malaammaltummaan himatame harka kennate
Atileetiin abbaa meedaaliyaa warqee biyya Keeniyaa dhaloota hedduuf fakkeenya ta'eera jedhamu Kipchoogee Keeyinoo himannaan malaammaltummaa irratti dhiyaate poolisiif dabarsee of kenne.
Waggaa lama dura maallaqa garee Olimpikii biyyattiif ramadame akka malee qisaasuuni atileetiin beekamaan kun kan himatame. Dura taa'aa Koree Olimpikii Keeniyaa kan ture Kipchoogeen aangoo isaatti fayyadamuun maallaqa mootummaa doolaara 25,000 baasee ilma isaa gara Olimpikii Riyootti ergeera jedhamee himatame. Himata irratti dhiyaate boodas magaalaa Naayiroobii keessatti poolisiif dabarsee of kennee jira. Ministira Ispoortii biyyattii kan turanifi wayita ammaa Oostiriyaatti ambaasaaddara Keeniyaa kan ta'an dhalataan Booranaa Hasan Waariyoos himata wal-fakkaataan dabarsanii poolisiif of kennanii jiru. Namoonni lameen kun jalqaba torbee kana wayita namoonni hedduun mana murtiitti dhiyaatan osoo hin dhiyaatiin hafanii turan.
oduu-57237232
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57237232
Ameerikaafi Itoophiyaa: Deeggarsa Ameerikaan nageenyaa Itoophiyaaf taasistu daangessuun maal akeeka?
Yunaayitid Isteeti qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraa irratti uggura vizaa akkasumas deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf taasistu irratti ammoo dhorkaa kaa'u torban kana beeksiste.
Pirezidant Joo Baayidan ibsa baasaniin Tigraay keessa lolli akka dhaabatu dhaamaniiru Kanneen Ameerikaa akka hin seenne ugguraman eenyuu fa'i akka ta'an ifatti hin beekamu. Ameerikaan murtee kanarra gahuuf rakkoo Naannoo Tigraayitti hammaate akka sababaatti kaafte. Akkasums kanneen rakkoon Naannoo Tigraay keessa jiru akka hin furamne hojjetu jetteen yoo itti fufan ammoo kan caalu akka murteessitu ibsite; hawaasi idil- addunyaa kaanilleen faanashee akka hordofan akeekkachiisun. Murtee kana boodammoo Pirezidantiin biyyattii Joo Baayidan ibsa gaafa Roobii Caamsaa 26, 2021 baasaniin dhimma Itoophiyaa keessaan 'guddaa yaadda'uu' himaniiru. Itoophiyaan murtee Ameerikaa kana balaaleeffatteetti. Dippilomaatiin Itoophiyaa olaanaa tokkoo murteen Ameerikaa hariiroo dippilomasii biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf ture 'zeerootti baay'isa' jedhan. Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa ammoo murtee kanaan Itoophiyaan miidhamuu akka maltu akkasumas fedhii Ameerikaan naannichaa qabduufi naannoon Gaanfa Afrikaallee akka miidhamu ibseera. Xinxaltoonni dubbisne murteen US Itoophiyaa qofa osoo hin taane Ameerikaafi fedhii biyyattiin Gaanfa Afrikaa irratti qabdu ni miidha jechuun himu. Haata'u malee, murteen michuu Itoophiyaa yeroo dheeraa taate kanaan darbe maal akeeka? Itoophiyaa attamiin miidha? US gaanfa Afrikaatti michuu biraa horachuuf heddu kan akeekudhaa? Deeggarsi nageenyaa US Itoophiyaaf taasistu maali? Deeggarsi nageenyaaf Ameerikaan yeroo dheeraaf Itophiyaaf taasistu farra - shororkeessummaa keessumaa Gaanfa Afrikaarratti Itoophiyaan qooda qabduuf kan ooludha. Ragaa dhihoo baheen ciminni waraana Itoophiyaa Afrikaa keessaa sadarkaa jahaffaarra jira. UN jala loltoota nagaa eegsisaa ramachiisuutin Itoophiyaan sadarkaa duraarratti argamti. Yeroo ammaa Somaaliyaafi Sudaan Kibbaatti ergama UN raawwataa kan jiran loltoonni Itoophiyaa kumaatamni jiru. Jaarmayaa imammataa Atlantic Council 'tti qondaala basaasaa olaanaafi dippilomaatiin duraanii US Kaameroon Haadsan deeggarsi kuni murteessaa ta'u himu. ''Keessumaa leenjii, pirofeeshinaala gochuufi odeeffannoo basaasaa waliin qooduu dabalata. US erga biyya adda-durummaan deeggarsa waraanaa Itoophiyaaf dhiyeessitu taatee baroonni lakkaa'amaniiru,'' jedhan. Murtee kana dabarsuu dura qondaaltonni Ameerikaa gurguddoo garaagaraa qondaaltota Itoophiyaa waliin bilbilaafi qaamaan marii adda addaa gaggeessaniiru. Ta'us, qaamooleen lola Tigraay keessatti qooda fudhataa jiran, rakkinicha karaa nagaan furuuf tarkaanfii hiika qabu hinfudhanne jechuun Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan himateera. Akka Ministeera Ittisa Ameerikaatti bara 2019'tti Miseensonni Rayyaa Ittisaa Itoophiyaa 300 leenjii Ameerikaan kenname fudhataniiru Itoophiyaan immoo kana ni mormiti. Waggoota dhihoo keessatti murtee akkanaa Ameerikaarra yoo dhageenyu kun kan duraati jedhu dippilomatiin duraanii US kun. ''Yeroo xumuraaf hariiroo muddama qabu akkanaa kan agarre yeroo waraana Itiyoo - Ertiraa biyyoonni lamaan irratti qoqqobbii meeshaa waraanaa akka taa'amu US UN'tti yaada dhiheessitedha,'' jechuun himan. Akka xinxaltoonni jedhanitti, Ameerikaan Itoophiyaa miidhuu hin barbaaddu, garuu adeemsa amma Itoophiyaan keessumaa dhimma Tigraay keessaa itti ilaaltuun gammachuu hin qabdu. Murteen kun maal akeeka? Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii 'murteen kun maal akeeka?' jedhamuun gaaffii ripportarootaan Kibxata darbe gaafatamaniifi ''Suuta jedhanii ilaaluu wayya'' jechuun isaanii gabaafameera. 'Dhiibbaa hin mallee' mootummaan Ameerikaa Itoophiyaarra kaahaa jiru Itoophiyaan ''hariiroo waggoota dheeraa US waliin qabdu keessa deebitee akka qorattu dirqisiisa'' jechuun ministeerichi ibsa baasen beeksiseera. Yunivarsiitii Finfinneetti Daarektarri Inistitiyuuti Qorannoo Nagaafi Tasgabbii (IPSS) Dr Yonaas Adaaye hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 100 oliif ture ammallee cimaadha jechuun himu. Itoophiyaan farra shororkeessummaa keessatti ''harka mirgaa turte. Ammallee harka mirgaati jedheen yaada,'' jedhan. Qondaala duraanii CIA fi dippilomaatii US duraanii Kaameroon Haadsaniif garuu tarkaanfiin Ameerikaa waan guddaa akeeka. ''Qoqqobbiin kun hariiroo biyyoota lameenii gidduu ifatti boqonnaa haaraa fide. Dabalataan, jalqabbii jijjiirama istraatejii [tarsiimoo] akeeka,'' jechuun Itoophiyaan jaarraa tokko oliif biyya ijoofi michuu nageenyaa olaanaa US ta'u yaadachiisan. Raayyaan Itoophiyaa al - Shabaab waraanuuf Somaaliyaa seeneera Akka qondaala kanaatti, murteen Ameerikaa waan haaraa akeekuun alatti Itoophiyaanis bakka durii hinjirtu yaada jedhu qabu. ''Itoophiyaan jaarsummaa siyaasaafi nagaa kabachiisuun naannawa tasgabbii hinqabne keessa madda nageenyaa turte. Haata'u malee, Itoophiyaan amma madda tasgabbii dhabuu taateti. Kun immoo US'n to'atamuu qaba.'' Murtichi Itoophiyaa hangam miidha? Itoophiyaan waggaa waggaatti deeggarsa guddaa Ameerikaarraa argatti. Deeggarsa kana keessaa tokko deeggarsa gama nageenyaan kennamudha. Itoophiyaan keessumaa gahee Gaanfa Afrikaatti shororkeessummaa ittisuurratti fudhatteen yeroo dheeraaf michuu biyyoota Lixaa taatee jirti. ''Ji'oo polotiksii Itoophiyaan irra jirtu, baay'inni ummataa, akkasumas bal'inni dachee baay'ee barbaachisaa akka taatu taasisa,'' jedha Kumaa Baqqalaa, IPSS'tti kaadhimamaa PhD kan ta'e BBC'tti yoo dubbatu. Gahee Itoophiyaan al- Shabaab waraanuufi biyyoota naannichaa kaanitti nageenyi akka mirkanaa'u taasisuuf baatuu keessatti biyyoota deeggarsa olaanaa kennan keessaa tokko immoo Ameerikaadha. ''Nageenya [deeggarsi] haa jedhamu malee gargaarsi yoo dhufu mootummaan biyya sanaa wanta dursa kennuuf itti fayyadama. Gargaarsi nageenyaa gargaarsa dimshaashaati. Gargaarsa baay'ee olaanaadha'' jechuun hima. Deeggarsi kun hafe jechuun immoo nageenya Itoophiyaa, gahee biyyattiin Gaanfa Afrikaa irratti gumaachiturratti ''dhiibbaa ni qabaata,'' jechuun ibsa. Yeroo ammaa Itoophiyaan gama Kaabaatiin hidhattoota TPLF waliin lolarra jirti. Lixaan gama daangaa Sudaan muddamatu jira. Haleellaan sabaafi amantii irra deddeebbiin bakkeewwan garaagaraatti mudatus biyyattii yaaddesseera. Haadsan gama isaaniin, hanga Itoophiyaan keessoo ishiitin nagaa hin taanetti qooda kana dura Gaanfa Afrikaatti bahaa turte bahuu akka rakkattu himu. Itoophiyaan akka kana duraanii deeggarsa nageenyaa Ameerikaarraa dhabde jechuun, deeggarsa nageenyaaf gara Raashiyaa, Chaayinaafi biyyoota Galoo Galaanatti fuula garagalfachuu akka maltu dubbatan. Kunis yoo itti fufe fedhii biyyoota Lixaarraa ishee fageessaa deema jechuun BBC'tti dubbate. Haata'u malee, miidhaan qaqqabu malu kan qaama -tokko qofaa miti jechuun kan ibsan jiru. 'Lamaanuu miidha' Ambaasaaddar Diinaan ibsa miidiyaaleef kennaniin deeggarsi Ameerikaan kutteefi visa'n dhorkite Itoophiyaa akka miidhu mirkaneessaniiru. Garuu, ammoo kan murtee kanaan miidhamu Itoophiyaa qofa miti jedhan. Hariiroon Itoophiyaafi US waggoota 100 oliif cimtee ture yeroo ammaa muddamarra jira fakkaata ''Hariiroo seena qabeessa qabna. Hariiroon kun yoo rakkoo godhate kan miidhamnu baay'eedha. Itoophiyaa qofa miti, Ameerikaas ni miidha, hunda caalaa immoo naannicha ni miidha.'' Gahee sochii Itoophiyaan oppireeshinii naannawa Gaanfa Afrikaatti farra shororkeessummaa irratti gumaachitu akkasumas kaan akka miidhu dubbachuun isaanii gabaafameera. ''Nuti dubbicha ho'isuu hinbarbaannu. Hariiroon Ameerikaa waliin qabnu akka badu hin barbaannu. Murtee dabarsan kana akka keessa deebi'anii ilaalan,'' jechuun gaafatan. Faallaa kanaatiin garuu qorataafi barsiisaa kan ta'an Dr Yonaas Adaayye tarkaanfiin US tibbanaa waan guddaa miti jedhu. ''Wanti amma uumame yeroof jedheen yaada. Sababni isaas garaagarteen ayidiyolojii [biyyoota lamaan gidduu] bu'uuraa akka bara Dargii ture hin jiru. Kun rifaasisuus hin qabu'' jechuun himu. Inumaa Ameerikaan tarkaanfii kana fudhachuurratti 'jarjarteetti' ilaalcha jedhu kan qaban Dr Yonaas ''Uggurri Vizaa lamaanuu miidha. Itoophiyaa qofa miidha miti'' jedhu. ''Fedhiiwwan Ameerikaan Afrikaa keessaa qabduutu jira. Itoophiyaan magaalaa guddoo polotikaa Afrikaati,'' jechuun, uggurri Itoophiyaarra taasifamu kamiyyuu naannicha ni huba jechuun ibsu. ''Ameerikaan murtoo fudhatte deebitee gamaaggamuu qabdi.'' Dabalataan, addunyaan amma jirtu walta'uun malee ''tokko kaan sodaachisee rakkoo furuu hin danda'u. Kun yeroon isaa darbeera'' jechuun qeeqan. Murtee Ameerikaan alatti Itoophiyaan tarkaanfii deebii yoo kennitu hariiroo lamaanii akka hin balleessineen 'nan yaadda'a' jechuun himan. US Jila addaa Gaanfa Afrikaatti muudde Jeeferi Feltimaan Itophiyaa erga daawwatanii booda Itoophiyaarraa deeggarsa kutuu murteessite Qondaalli duraanii CIA Kaameron Haadsanillee murtee Ameerikaatin Ameerikaan mataa ishii akka miidhamtu amanu. ''Qoqqobbiin kun hanguma Itoophiyaan biyyoota Lixaarraa akka fuula garagalfattu taasisu, fedhiin istiraatejikii Yunaayitid Isteet naannichaa qabdu haalaan ni miidhama. ''Yoo Itoophiyaan ofiishee nagaa hin qabneefi US waliin cimsitee hin hojjenne, US naannichatti dhiibbaa qabaattii yookiin naannawa Galaana Diimaa nagaafi tasgabbii fooyyessiti jechuun nama dhiba,'' jedhan. Tarsiimoo biraamoo michuu biraa? Sababoota ijoo biyyoonni badhaadhan qoqqobbii biyyoota biraarra kaa'an keessaa sarbama mirga namoomaa fi seerri idil - addunyaa cabeera jechuun. Gama kaaniin ammoo biyyoota kaan irratti tarkaanfii kan fudhatan faayidaa biyyasaanii eegsisuufi humna qaban agarsiifachuuf jechuun kan komatamanis jiru. Haata'u malee, kaadhimamaa PhD kan ta'e Kumaa Baqqalaa, biyyoota lamaan gidduu rakkoonis jiraatu michuu biraa barbaadurra hin geenye jedha. ''Haalli qabatamaa amma jiru mootummaan Itoophiyaa faayidaafi fedhii biyyaalessaa US kan miidhe hin qabu. Hin jiru hanga ammaa.'' ''Ta'us, hariiroon yemmuu taasifamu hojiin hajaa alaarra hojjetamu baay'ee bu'uura qaba. Rakkoon amma uumamaa jiru inni guddaan tokko hojii manee Ministeerri Hajaa Alaa Itoophiyaa hojjechuu dadhabe irraallee kan maddedha'' jechuun qeeqa. Ministirri Raayyaa Ittisaa duraanii Obbo Lammaa Magarsaa Mudde 2019 gara US imaluun walgahii Ittisaa US - Itoophiyaa 9ffaarra argamaniiru ''Akkatti waan himatan wallaalu,'' jechuun hawaasa idil- addunyaa amansiisuu dadhabuutu jira jechuun hima. Dr Yoonaas gama isaaniin biyyoonni Gaanfa Afrikaa rakkoowwan garaagaraa keessa waan jiraniif Ameerikaan filmaata biraa waan argattu miti jechuun yaada isaanii ibsu. Bakki Itoophiyaan itti jirtu ''murteessaadha,'' jedhan. Barbaachisummaa teessumni Itoophiyaa Gaanfa Afrikaarratti qabdu xinxaltoota hedduu kan waliigalsiisudha. ''Biyyoonni Baha Afrikaa tokko tokkoon madaa kan qaban waan ta'ef michuu Itoophiyaarraa wayyoo qabdu Ameerikaan ni argatti jechuun ni ulfaata'' jedhan. US Itoophiyaa meeshaa dhowwachuu maltii? Ameerikaan lolli Tigraay keessaa 'karaa siyaasaan' akka furamu gaafatteetti. Mariin US TPLF waliin akka taasifamu inni gaafatte qondaaltota Itoophiyaa haalaan mufachiiseera. Paarlaamaan Itoophiyaa torban muraasa dura dhaaba kana dura waggoota 30'tti siquuf Itoophiyaa bulchaa tureefi ergasii MM Abiy Ahimad aangootti yeroo dhufan maqaleetti gale galmee shororkeessitoottatti galcheera. Kunis, lola Tigraayitti dhalateefi ergasii waldhibdeewwan garaagaraa Itoophiyaa bakkeewwan garaagaraa keessatti mudateen harka qaba jedhanii himachuuni. Tigraayitti TPLF buufata waraanaa Itoophiyaa haleeluun lola eegaluu isaa qondaalli dhaabichaa boodarra ajjeefaman miidiyaarratti bahanii dubbachuun amananiiru. Ameerikaan TPLF lola eegaluufi ergasii humnoonni TPLF Asmaraatti rokeetti isa darbatan balaaleeffatteetti. Ta'us, ergasii as lammiileen nagaa miidhamuufi deeggarsi namoomaa hammaatun yaadda'uu ibsite. Sarbamni mirga namoomaa bal'aa tahe, akkasumas haleellaan saal - qunnamtii Tigraay keessa jiru fudhatama kan hinqabneefi xumura argachuu qaba jechuun Pirezidant Baayidan ibsa baasaniin himaniiru. Lolli akka dhaabatu kan gaafatan Baayidan lola kanaan erga bara 1980'oota yeroo duraaf Itoophiyaatti beelli mudachuuf akka jedhu gabaasa UN waabeffachuun ibsan. Seenetiin Ameerikaa rakkoon Tigraay keessaa akka furamuuf Yaada furmaataa sagalee guutuun murtesseera, Itoophiyaan mufii ibsite Ameerikaan ''deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaa irratti dhorkaa bal'aa kaa'uun,'' ala imaammata to'annoo daldala ittisaa (defence trade control policy) akka itti dhimma baatu akeekteetti. Kunis biyyi tokko teknolojii waraanaa Ameerikaa akka hin fayyadamne dhorkuu akka malu ibsa. Maalummaa akeeka kanaa Haadsan yoo ibsan ''Ameerikaan gurgurtaa yookiin daddabarsa meeshaa yookiin tekinolojii ummata biyya keessaarratti fudhatamu ni dhorkiti.'' Kun meeshaa kompitaraa, softiwerii, meeshaalee to'annoo fi kaan akka dabalatu akkasumas meeshaawwan waraanaa US suphaa barbaadan dhorkuus ni dabalata jechuun BBC'tti himan. Murteen US dhimma Tigraay qofaafi? Ibsa Minsitirri Dhimma Alaa Ameerikaa baasen waan Tigraay keessa jiruun guddaa yaadda'u hime. Haata'u malee, tokkummaa fi birmadummaa Itoophiyaarratti yaaddoo akka qabu ibse. Qeeqxonni adeemsi Ameerikaa akka saffiseefi dhimma Naannoo Tigraay qofa osoo hin taane ejjennoo hidha Abbayyaaratti Itoophiyaan qabatteefi bulchiinsa MM Abiyyiin gammaduu dhabuu US'n kan walqabsiisan jiru. Haata'u malee, Ameerikaan rakkoo lammiilee nagaa irratti Naannoo Tigraayitti mudateen akka ta'e eerte. Dippilomatiin duraanii US Haadsan gama isaaniin ''gara caalu Tigraayin walqabata'' jechuun ibsu. Kunis badii achi raawwate jedhameen walqabateen Ameerikaan yaadda'u ibsan. Egeree TPLF Ameerikaan rakkoon Tigraay keessa jiru gama mariin akka furamuuf mootummaan Itoophiyaa rakkinicha TPLF waliin akka furatu yaadni dhiheesse Itoophiyaa hin gammachiifne. Sababa kanaanis, ''birmadummaa Itoophiyaa irratti hin mari'annu'' jechuun qondaaltonni Itoophiyaa ibsu. Kana dura mootummaan Itoophiyaa lolli Tigraay eegaluu dura haalichi nagaan akka furamu jaarsummaa garaa garaa gara qondaaltota TPLF ergaa turuu himeera. Garuu walii hin galamne. Bulchiinsi MM duraanii Mallas Zenaawii hariiroon US waliin qabu haalaan cimaadha ''TPLF yeroo kadhatamu sana Ameerikaan maaliif hin dubbanne?'' jechuun erga galmee shororkeessummaa keessa galee booda Ameerikaan dubbachuu ibsuun Dr yoonaas ni qeequ. ''Rakkinichi akka furamuuf garaa qulqulluun yaaduu natti hin fakkaatu'' jechuun himu qorataan nageenyaa BBC'tti yoo dubbatan. Gama tokkoon Itoophiyaan TPLF galmee shororkeessitootaa keessa erga galchitee booda waliin mari'adhu jechuun birmadummaa Itoophiyaa kan dhiibe ta'u kan kaasan jiru. Gama kaaniin immoo biyyoonni Lixaa rakkoon Tigraay lolaan furuuf yaaduun lammiilee nagaa balaaf saaxiluufi deeggarsi namoomaa akka wal hin geenye danquun yaaddoo ibsatu. Waraanni Ertiraa Tigraay keessa seeneefi badii garaa garaatiin himatame immoo Tigraay gadhiisee akka bahu erga himamee booda turuunsaanii komii biraa biyyoonni Lixaa dhiheessanidha. Sababa kanaafuu, dhimmi walitti dhufeenya Itoophiyaafi US ammatti garamitti akka qajeeluu danda'u ibsuun ni rakkisa.
oduu-53004344
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53004344
Afrikaa: Godaantonni Afriikaa baay'een galaana Mediteraaniyaaniin liqimfaman
Godaantonni Afrikaa baay'een galaana Mediteraaniyaaniin liqimfamuun du'an.
Bidiruu waggaa afur dhidhimaa turte Bidiruun godaantota Afrikaa fe'attee turte tokko erga galaana Mediteraaniyaanii keessatti dhidhimtee booda reeffi namoota 46 argamuu isaa aanga'oonni Tuniiziyaa beeksisaniiru. Bidiruun godaantota qabattee dhidhimte kunis dhiyeenya magaalaa Tuniiziyaa Saafaaksi jedhamtu tokkotti yoo ta'u, taateen kun kan qaqqabee ammoo dhuma-torbee darbe kanarra ture. Aanga'oonni naannoo sanaa akka jedhanitti, namoota lubbuun darbe 46 malee godaantonni biroon galaanaan nyaatamanii lubbuu dhaban jiraachuu waan malaniif reeffa barbaaduun itti fufeera. Bidiruun dhidhimte kun godaantota fe'attee Xaaliyaan galuuf kan kaate ta'uu kan dubbatan aanga'oonni Tuniiziyaa kunneen, godaantonni dhuman lammilee biyyoota Afrikaa kamii akka ta'an garuu hin ibsine. Dhaabbata oduu mootummaa Tuniiziyaa kan ta'e TAPn ammoo godaantonni dhuman kunneen harki caalan lammilee Ayivoori Koosti ta'uu isaanii gabaaseera. Godaantota reeffi isaanii argame wallakkaa ol dubartootadha. Namoota godaansarra osoo jiranii lubbuusaanii dhaban kanneen keessaa tokko lammii Tuniiziyaa ta'uu isaa poolisiin kan mirkaneeffate yoo ta'u, tarii nama bidiruu sana oofaa ture ta'uu mala kan jedhu tilmaamamaa jira. Manni murtii Tuniiziyaa imala bidiruu lubbuun namoota hedduu akka darbuuf sababa ta'e kana duubatti argamu adda baasuu poolisiin qorachuu qaba jedheera. Seenaa dargaggoo imala konteenara lubbuu namoota 64 galaafate irraa hafe
46779449
https://www.bbc.com/afaanoromoo/46779449
Obbo Ibsaa Guutamaa: Yeroo cehumsaa Afaan Oromootiin akka baratamuuf quuqamaan hojjenne
Yeroo mootummaa cehumsaatti Ministira Barnootaa ta'uudhaan kan tajaajilan Obbo Ibsaa Guutamaa turtii BBC'n akkaataa Jalqabbii barnoota Afaan Oromoofi dhimmoota hedduu biroorratti taasise kunooti.
BBC: Dhaloota Fidalaafi Dhaloota Qubee yeroo jettan dhaga'amtu. Maal jechuudha? Obbo Ibsaa: Hawaasni Oromoo gulantaalee sirna Gadaatiin bakka garagaraatti qoodama. Waggaa saddeet saddeetin qoqqoodama. Gulantaa walfakkaataa wagga saddeetii keessa kan jiru Hiriyaa jedhama. Hiriyaan yeroo olsiqaa deemu inni gara oliimmoo bakka gadhiisaafii deemuu qaba. Akkasitti deemeetu hanga Lubaatti gaha. Yeroo kana Lubni bakka gadhiiseefii bahaa deema jechuudha. Yoo akkanatti waljalaa siqaa deeme malee inni gara gadii jiru ukkaamamee, walnyaatee akka volkaanoo gaaf tokko yoo dhoohe hundumtuu ni bada. Kanaafuu nuti warri Dhaloota Fidalaan baranne Dhaloota Qubeetiif bakka gadhiisaa deemuu qabna. Nuuf yeroon kuni yeroo itti gorsa kenninu yookin aara galfannudha. Kanaafuu warri lafaa dhufu bakka qabachuu qabuun jedha. Amma aadaa keenyaan deemaa hin jirru. Akka alagaan nuuf kaa'etti ijaaramnee deemaa jirra. Kanaaf bakka waliigadhisuun kuni kan hin baratamneef. Haalli kuni geeddaramee bakka walii gadhiisuun dirqama taha. BBC: Waa'ee ministeera barnootaa hoggantanii maal yaadattu? Obbo Ibsaa: Ministeera barnootaa ta'uun wagga tokkoofin tajaajile. Turtii waggaa tokkoo kanatti bara itti aanutti manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran hundi barnoota Afaan Oromootiin akka barsiisan kitaabota qopheessaa turre. Ji'oota afur hin caalle keessatti qopheesinee xumurre. Pirojektii kanaaf beektonni Oromoo hundi birmataniiru. Keessumaa barsiisonni hojii kooti jedhanii halkaniifi guyyaa hojjetaniiti saffisaan kan qophaa'e. Utuu mootummaan hin jigiinis hojii kana galmaan geenye. Kitaabolee qopheessuu, maxxansuu, rabsuun manneen barnoota kennuun jalqabame. Afaan Oromootiin barsiisuun osoo yeroo sana quuqamaan hin jalqabamne tahee sadarkaa kanarra hin gahu ture. Yeroo cehumsaa sanatti qaamni hundi xiyyeefannaansaa siyaasa kan biraa waan tureef nuti yeroo hojii kana saffisaan hojjennee xumurru haala mijataa arganne. Osoo yeroo sana qalbiin namaa siyaasa dhiisee gara kenya ilaalee danqaa guddaatu uumama ture. Afaan Oromootiin barnoonni akka jalqabuuf yerootu kenne. Yeroo sanatti osoo hin fayyadamnee rakkisaa taha ture. BBC: Aangoo ministeera Barnootaa akkamitti gadhiistan? Obbo Ibsaa: Yeroo ABO'n mootummaa cehumsaa keessaa bahe ani walgahii UNESCO tokko irratti hirmaachuufin biyya alaan ture. Osoon achi jiruuyi kan 'mootummaa cehumsaa keessaa baaneerra, ofii keetii murteessi waan gootu, deebi'uufi achitti hafuu' kan jedhu naaf dhaaman. Akka yeros natti himanitti Mallas Zeenaawwiin Obbo Diimaafi Obbo Leencoo waameetu 'ani eegumsa isiniif gochuu hin danda'u, biyyaa bahaa' jedheen. Yeroosuma viizaa biyya adda addaa xumurameefii ABO biyyaa baasan. Anis ergan kana dhagaheen booda lamuu hidhamuu waan hin barbaanneef achuma biyya alaattin hafe. Hanga ammaa kunoo wagga 26 oliif biyyuma alaatin ture. BBC: Walaloo 'Itoophiyaawii maannew' maalirraa kaatanii barreessitan? Obbo Ibsaa: Yeroo Hayilasillaasee nuti Ijoollee turre. Warraaqsa dargaggoota addunyaa keessa jirra. Yeroo ilaallu naannoo keenyatti cunqursaatu baayyata, sabni tokko saba kan biraarratti tuulamee, inni kaan tuffatamee jira. Kanaafin 'Itoophiyaa, Itoophiyaawii…' jechaatii deemuun garuu sabni kaan kan akka Oromoo, Aanyuwaak fi kan biroo dhuguma Itoophiyaadhaayii? Kan jedhu gaaffii kaasuufin barreesse. Gaaffii kanaafis deebiin argamuutu irra jira kan jedhudha kaayyoonsaa. BBC: Gaaffii walaloo sanaatif amma deebiin argameeraa? Obbo Ibsa: Ani ofii kootiif yeroo sanayyuu deebii isaa nan beeka. Itoophiyaawiin eenyu akka ta'e yerosuu deebii argadheera. Garuu hamma yoonaatti namni gaaffii sanaaf deebii kenne hin jiru. BBC: Haala yeroo Oromiyaa maal jettu? Obbo Ibsaa: Wanti amma mul'atu nama gaddisiisa. Nuti kan dhufne nagaadhaan qabsaa'uuf. Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisna, cehumsa kanaan gara dimokiraasitti baana jedheeti. Kuni waan guddaa biyya kana keessatti jedhamee hin beeknedha. Dhuguma olaantummaa seeraatu kabajama taanaanimmoo akka barbaannetti uummata gurmeessinee, mirgaafi dirqamasaa barsiifnee sodaafi doorsisa malee hojjechuu dandeenya jechuudha. Amma yeroo nuti gara Oromiyaa dhufnummoo rakkinatu jira. Maaliif akka rakkoon kuni uumame, eenyuufi eenyu gidduutti akka ta'eyyuu waanuma odeefamurraa kan hafe hin beeku. Dhugaan jiru garuu uummati keenya kallattii garagaraa jiru buqqa'aa, du'aa fi rakkoof saaxilamaa jiraachuudha.Nageenyi bu'uu qaba. Nageenyi cehumsa kana milkeessuuf durfannoo jalqabaa waan ta'eef. BBC: ABO isiniif maali? Obbo Ibsaa: Ani ABO dha. Jireenyikoos, hamma dhumaattis ABO dha. ABO'n meeqas haa tahu, abbaan barbaades ciratee haa fudhatu, ABO'n tokkichuma mataakoo keessa kan jiru. Isa lafa jiru miti. Inni lafa jiru baayyeedha. Kunis sunis kankooti jedhee kan maqaa itti mogaafate baayyeedha. Garuu, ABO'n salphaa miti Oromoodhaaf. Ijoollee baayyee itti wareege, waggoota shantamman darban wareega guddaatu bahe. Beektota keenya meeqa dhabne, jaallan koo warran beeku meeqatu dhume? Ana malee kan hafe jirayyuu natti hin fakkaatu. Kana kana yeroo ilaaltu ABO ebeluu, jettee waan asiifii achi qabdu miti. ABO'n Ayyaana Oromoo keessaa tokko jedheen fudhadha ani. Namni sababa ABO tiin hin tuqamne tokkollee hin jiru, qe'een maqaa ABO tiif hin miidhamne tokkollee hin jiru. BBC: Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa akka ta'uuf haaldureen barbaachisu maali? Obbo Ibsaa: Oromoon saba guddadha. Mootummaan kuni kan magaala guddoosaa qabu Oromiyaa keessaayi kanaaf Oromoon bu'aasaa argachuu qaba. Magaalasaa keessa ta'ee afaan isaatiin hin dubbatamu taanaan rakkisaadha. Afaan Oromoo afaan Federaalaa ta'uu dhabuusaatiin ijoolleen Oromoo hojii Federaalaa hin argattu. Waan baayyee keessatti warra kaan waliin walqixxee hin hirmaatan jechuudha. Madaallii kamiinuu yoo ilaalames afaan kamiiniyyuu gadi miti Afaan Oromoo. Maaliif biyyasaa keessatti afaan Federaalaa hin taane kan jedhu sammuu Oromoota hundaa keessa jira. Kanaafuu afaan Federaalaa ta'uu qabaadha malee halduree waan jedhamu homaa hin barbaachisu. BBC: Konfiransii irratti hirmaachuuf gara biyyaa deebitanii maalif hidhamtan? Obbo Ibsaa: Yeroo sana dhaabbonni biyya keessa jiraniifi ABO'n Paarisitti walgahiitu ture. Walgahii kanarratti murtee tokkorra geenyee turre. Murteen kunis konfiransii guddaa biyyatti gallee qopheessina kan jedhudha. Dhaabbileen hunduu, Wayyaanee dabalatee kanumarratti waliigallee gara biyyaatti deebine. Dhaaba ABO dura bu'ee kan dhufe ana ture. Biyya dhufee gara mana kiyyaan deeme. Mana kiyyatti loltoonni hedduun dhufanii na fuudhanii deemuun mana hidhaa nagalchan. Torbee sadiif erga na hidhanii booda na gadhiisan. Walgahii sana dhaabni keenya hin fudhannu waan jedheefin hidhaadhaa baanan bakka hayyu duroonni keenya jiran Landan deeme. BBC: Obbo Leencoo Lataa akkamitti isin hiiksisuuf dhufan ture? Obbo Ibsaa: Obbo Leencoon yeros waan isa tuqe hin beeku. Ani yakkaanin hidhame. Biyyattiitti waayi balleeseera jedhameetin hidhame. Yakkarrattimmoo nama bakka hin buutu, yoon ani yakka hojjedhe anumatu itti gaafatama jechuudha. Isaan dhufuu isaanii karaarra yeroo gahan dhageenye. Jaala keenya tokkotu akka dhufaa jiru natti hime. Akkamittiin akkas taha jedheen ofgaafadhe? Obbo Leencoonis kana wallaalanii miti waatu tuqe jedheetuman yaade ani. Obbo Leencoonuu yeros waatu na tuqe jechaa ture. Jarri namaaf hin hiltu, xayyaararraa buustee nama keenya guddaa kana fiddee mana hidhaa buuste. Jarri nama xinnaafi guddaa kan jedhu hin beektu. Dhufnaan buufata xiyyaaraatii fidanii mana hidhaa na biratti dabalame jechuudha. BBC: Dhufaatiin isaanii maal fayyade? Obbo Ibsaa: Homaa waan fayyade hin qabu ni balleesse malee. Waan baayyeetu bade dhufaatii isaaniitiin. Yeroo sana ani hidhamuukootti nama baay'eetu ka'ee ture. Mana murtii yeroon jalqaba dhaqe, guutuunsaa nama keenya duwwaadha ture. Kanaaf yeroo itti warraaqsa guddaa itti uumuun dandahamu ture. Obbo Leencoon dhufnaan dubbiin dhume. Hoggannii kee dhufee harka kennatee jennaan maaltu haferee? Homtuu hin hafne. BBC: Miidiyaa hawaasummaa ni fayyadamtuu? Obbo Ibsaa: Duraan 'website' tokkon qaba isarrattin waan sammuu koo keessa jiru yaada garagaraa barreessaan ture. Ammammoo erga 'facebook' dhufee achirraa odeefannoo nan argadha, ofiikoofis yaada mataa kiyyaa yeroo tokko tokko nan barreessa. BBC: Umrii keessan kana booda jiruun maal hojjechuuf yaaddan? Obbo Ibsaa: Hanga ammaa kitaabota hanga afurii barresseera. Ammaan boodas dhimmoota yeroon mana hidhaa turee kan afaan Ingiliffaan barreesse gara Afaan Oromootti hiikaan jira. Mata dureewwan adda addaa irratti barreessufis yaadan qaba. kanuma kana jechaan itti fufa.
45962775
https://www.bbc.com/afaanoromoo/45962775
Dhugeeffannaa Oromoo: "Waaqi ilmee namaa uume, Xaphoo fi Xaphaphoo jedheen"
Ummanni Oromoo Ummata hortee Kuush kan Baha Afriikaa keessatti aadaa, seenaa, duudhaa fi afaan mataasaatii qabatee jiraachaa jirudha.
Hayyuu argaa dhageettii Booranaa Aab Liiban Halakee Waa'ee uumaa fi uumamaarratti beekumsi Oromoo wayita xiinxalamu, Uummanni Oromoo uumeen walaabuu baate jedhee dhugeeffata. Walaabu bishaan ganamaati. Lubbuun namaa bishaanirraa argame jedha Oromoon. Jaarsi Argaa Dhageettii Aab Liiban Halakee Duubaa Oromoo Booranaa kan seera Argaa dhageettii yeroo dheeraaf baratan Oromoo biratti waan cufti eebbaan jalqabama eebbaanileeen xumurama jedhu. Eebbaanis eegalan ''Barri nagaa bariin nagaa, Gadaan ta roobaa nagayaa, horaa bulaa deebanaa'' Waan uumamaarraa wayita dubbatan ''uumaan waa hundaa rabbi tokkicha" jedhu. "Akka dhugeeffata Booranaatti waaqni odoo namallee hin uumin guyyoota torban uume. Guyyaan torban kunneen maqaan isaanii Fullaasa, Muggisa, Libaasa, Mardiida, Maakula, Sabbaaqa, Daraara jedhamu." "Guyyaa torban kanneen booda ilmee namaa uume, isaaniin Xaphoo fi xaphaapho jedheen." "Calqaba Xaphoo uumee achiin duuba xaphaapho itti dareef. Lafti inni itti uumelleen Liiban. Lafa addunyaa kanaa cufa Liibantu hangafa jetti Oromoon." "Fulaan amma Galoo Galaanaa Eden jedhan hiriyaa lafa Liiban ture. Bakki kun dhoqqeellee bishaanillee waan qabuuf waaqni kanarraa nama uume. Liiban hangafa jetti Oromoon'' jechuun ibsan. Lafti Jabuutii as Liiban kan jedhan Aab Liiban Halakee ''hangaftummaan Liiban karaa amantaallee ni dhugeeffatama, akka amantaa Islaamaatti karaan fuula itti deebifatanii salaatan ykn dulatan Makkaan kallattii Liiban irraan jira" jedhu. "Galaanaa Diimaa qofatu gidduu jira, walitti kaluudha. Kanaanis hangafa. Bakki itti dulatan ammoo laga Buutii jedhama ture. Sanarraati maqaan Jabuutiillee kan moggaafame.'' jedhan. Sabummaa fi teessuma lafaarratti beekumsa Oromoo Haala walii galaatiin Oromoon galaanota sadiin daangeffamuu argaa dhageettiirraa na ga'eera jedhu aab Liiban. ''Galaanonni kunneen Keeniyaa, Itoophiyaa fi Sudaan keessatti argamu. Ammas galaanni Oromoon maqaa dhahattu sagali. Isaan keessaa sadiin daangeffamti" jedhu. "Gara Il-boruu kanaan gara aduun baatuun galaana Gannaalee, gara dhihaan galaana Sagan, gara Keenyaa kanaan galaana Marooti." "Galaanni Maroo wararbaa, Ganaale hararbaa ykn nageellee Booranaatiin gadi bu'aa, galaanni Sagan daangaa Sudaanii ba'a. Kun qubsuma Oromoon dur irratti of argite. Gara oliitiinilee tulluu nam durii kan madda walaabuu jirutti daangofti'' jedhu. "Rabbiin gosa suni namaan hin jenne, gochi rabbiin namaaf hile afaani. Ka qoonqoon wal taatu obboleewwan. Kan afaan kee dubbatu gosa kee malee rabbiin gosa qoqqoodee hin uumne jedhee dhugeeffata Booranni" jedhan. ''Namuu afaanuma dubbateen gosa tolfate. Ammoo uummati Oromoo Booranaa fi Bareentuma. Isaan obbolaadha, Sikkoo fi Mandoo, Kontoomaa fi Daarimu, Maccaa fi Tuulama, Ituu fi Humbanna, Sabboo fi Goona, Raayyaa fi Aseeboodha. Gadaa shaniin bulu" jedhu. Tulluu Namdurii hanga Mombaasaatti gadaa kanaan bulaa ture Oromoon jedhu Aab Liiban Halakee, wayita eebbisanillee ''Mombaasaa garbiin nagaa, tulluun nam durii nagaa, yaa'iin shanan nagaa, Gadaan shanan nagaa, laduun shanan nagaa jedhu'' jedhan. Beekumsa waa'ee uumamaa argatanirraa ka'anii, namni kan beeku erga namni uumameeti malee isaan dura kan jiru hin beeku jedhan, waa'ee lafasaa nama otoo hin taane isa uumetu beeka jedhu. Beekumsa lubbu qabeeyyii fi hawaa argaa dhageettii keessatti Beekumsi Oromoo tokko qabeenyi namaa waa ja'a ta'uudha jedhan Aab Liiban. Kotte duudaa sadi fi sadeen aannan mi'aa jedhan. Sadeen aannan mi'aan Lalleessa ykn Re'ee, Hoolaa fi Loon. Kotte duudaan sadeen Harree, Gaangee, Farda. Kotte duudaa sadeen waan ilmeen namaa nyaattu miti, sadeen aannan mi'aa waan ilmeen namaa soorattu jedhu. Akka durdurii keenyaatti qabeenya kana lafumatti argatan. ''Namni loon arge Guta Galoo jedhan, nami Harree arge Gabaaba Galoo jedhan, nami Re'ee arge Iyya Galoo, kanaaf ammaan tana nami re'ee tissu itti iyyee wan tokko dhayata." Iyya Galoo, Iyyee raroo jedhanii re'ee tissan amma, maan jennaan akka kan uumamaa sun hin dagatamneefi jedhu. Looniifillee booree guta galoo obaan gutee galee jedhani wayita faarsan, namni loon argate Guta Galoo waan ta'eef akka hin dagatamneef yaadameeti jedhu. Wayita harree fe'atanii daamanillee gabaabaa kiyya galoo gabaabinni amaloo, dhaachiftuu ganni qabee dhaane horrisi qabee jedhan. Akkanaan faarsaa uumama yaadatu jedhu Aab Liiban Halakee. Keesumaa Hoolaan wayyu jedhan. Seenaasaa wayita himan ''Nama waaqa dhugeeffatu tokkoon guyyaa tokko waaqi akka mucaasaa qalu ajaje. Achii namichillee ajaja fudhatee wayita mucaasaa qaluuf jedhu waaqni hoolaa fidee aalbee jala kaa'e." "Akkanaan mucaan ba'ee hoolaan gorra'ame. Kanarraa ka'anii hoolaan ilmee namaaf wayyu jedhan." Kan biraammoo yoo waldhibdeen uumame hoolaadhaan araarsan jedhu. "Namni hoolaan gadi dhufnaan kan nama ajjeesellee yoo ta'e araara hin didan. Waaqiyyuu lubbuu namaatiin wayyee wayyeeffachuu malle jedhan. Yoo namni ykn gosti wallole hoolaa walitti hidhatan." Akka Oromoon jettutti ''mataan bineensotaa shani Qeerransa, Leenca, Warseessa, Arba, Gafarsa" jedhu. "Samii keessaammoo hangafi Urjii. Urjiin 9999. Akka booranaatti qaalluun urjiitti akeekama. Urjiin ka roobaa jiraa ka bonaa jiraa, qilleensi waaqaa yeroo afur jijjiirama." "Ji'a sadiin qoqqoodama. Akkanaan wayita qilleensi jijjiiramu urjiin fulaa qaraatii deemtee fulaa dhibii ejjiti. Yoo qilleensi jijjiiramu urjiitu mallattoo agarsiisa'' jedhan. Muki Oromoon beeku 770 kan jedhan Aab Liiban kanneen keessaa 385 kan qoraattii qabuudha, 385 ammoo kan qoraattii hin qabneedha jedhu. Kan qoraattii hin qabne qorsa. Muka ganna 900 taa'ufaatu jira. Akka dhaddachaa, qalqalchaa, halloo, ejersa, Odaa, dambii, qilxuu muka gara 32ti. "Seerri 24, afur dhoksaadha, 20 kan namni cufaati" Barnoota argaa dhageettii ganna 6 irraa ka'anii akka barachaa turan kan dubbatan Aab Liiban Halakee maanguddoota sadirraa baradheera jedhu. ''Maanguddoon argaa dhageettii seera nama barsiisan. Seerri 24, kana keessaa afur dhoksaadha, 20 kan namni cufaati" jedhu. "Seeronni afran adulaa, hayyuuwwan garbaa, bokkuufaa taate himuu dandeetta. An ittiin baradhee jira garuu himuu hin danda'u" jedhu. Seeronni biroon seera ilmoo namaa, kan bineensa, kan biqilootaa, kan dubartootaa, kan waraanaa, kan nageenyaatu jiru jedhan. "Balaan ibiddaa, bishaanii, harrabi namni wal arrabsu, wayita namni wal haadhu, daangaarratti wal waraanuun, hanni, cubbuun kun hunduu seera waraanaa jalatti ilaalamu jedhan" jedhan. "Oromoon wanninni nyaatu ka bineensa jedhan hin jirtu. Kotte duudaa hin nyaatuu, kan kottee baqaqaa ni nyaata. Ka qeenca kaarraa waaqi ni halaalche jedhan. Ka kaarra hin qabnemmoo halaala miti jedhan." Walumaa galatti Oromoon uumama lubbuu qabu akkanaan qooda: Allaattii, Kotte duudaa, sadeen aannan mi'aanii, Bineensa fi bofaa buutii jedha. Kana cinaan horiinillee ni jirti, saree fi adurreen as keessatti ramadamu jedhu. Akka Booranaatti warri ayyaantuu urjii ilaaluudhaan barri bara roobaa ykn bara hongee ta'aa himu jedhan. "Ayyaantuun warra uumamaan adeemsa urjii beekaniidha. Beekumsa saayinsii ammayyaan gadi hin taane warra qabaniidha" jedhu. Bakkalchi akka urjii hogganu, ji'i bakkalcha akka hoogganu, aduun akka ji'a hoogganu seera qilleensaa fi urjii jalatti barsiisu. Akka dhugeeffannaa Oromootti nafa namaa waaqni dhoqqee dhayee qalbiimmoo ho'a aduu fi qabbana ji'aarraa itti dare jedhan. Kanaaf amma nami yoo du'e kan dhoqqeerraa hojjetame lafumatti deebi'a, ka qabban ji'aa fi hoo'a aduurraa dhufe garam akka deeme hin beektu jedhu. Beekumsi argaa dhageettii waan dhageessee fi argite tokko utuu hin dagatiin umurii kee guutuu dhalootaaf dabarsaa jiraachuu ta'uu kan dubbatan Aab Liiban Halakeen waan afaaniin daddarbaa dhufe kana kitaabatti jijjiiruuf yaada akka qaban dubbataniiru. Saba tokko kan walitti fidee obbolaa godhu afaansaa ta'uu kan dubbatan Aab Liiban sabi kun yoo afaan kana wallaale ni bada jedhan. ''Afaan, seenaa, aadaa fi duudhaan baduu hin qabu, Aadaan dhugaadha, dhugaan ammoo kan waaqaati. Duudhaan seera. Kanneen yoo cimsanne tokkummaa dhugaa uumna'' jedhan.
oduu-48633076
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48633076
Sudaan: Pirezedantii al Bashiir aangoorra kaafaman maalamatummaan himataman
Pirezedantiin Sudaan duraanii Omar al Bashiir malaamaltummaan himataman. Himannaan kun soorummaa seeraan alaatti horachuu fi labsii yeroo muddamaan akka wal qabatu abbaan alangaa uummataa otoo odeeffannoo bal'aa hin kennin himan.
al Bashii Mormii aangoorraa akka gadhiisan gaafatu hordofuun ji'a Ebilaa darbe Pirezedantichi aangoorraa kaafaman. Dubbi himaaan humna waraana biyyatti dogoggorri ture, wayita jeneraalli taa'aanii mormuun goolabamuun gara bulchiinsa uummataatti akka deebi'u gaafatanitti ture jedha. Jeequmsa biyyatti keessa tureen namoota 60 olitu lubbuu dhabe ,Doktoroonni mormitoottatti hidhata qaban garuu, namoota 118 ta'anitu lubbuu dhabe jedhan. Mariin mormitoota fi Humna waraanaa ce'uumsa(TMC) jeequmsa mudate booda addaan cite. Hoggantoonni mormitootaa diddaaf waamicha erga dhiyeessaniin booda mariin deebi'e akka eegalamuf karaa bane. al Bashiir Ebla 11 aangoorraa kaafamuun erga hidhamanii uummatatti deebi'ani hin mul'anne. Dhiyeenyatti ajjeecha mormitootaa keessatti qooda qabachuun ji'a Caamsaa keessa himatamutu yaadatama.
oduu-46793687
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46793687
Waancaa Afriikaa bara 2019: Kaameruuniifi kennamee kan ture irraa fudhatamee Masiriin akka qopheessuuf filatamte
Waancaan Afriikaa kan 2019 Kaameruun akka qopheessituuf kennameefii ture irraa fudhatamuun Masriin akka keessummeessitu murtaa'e.
Waancaa Afrikaa Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afriikaa (Caf) akka beeksisetti, Masriin, Afriikaa Kibbaa mo'achuun Waancaa Afriikaa bara kanaa keessummeessiti. Biyyi duraan akka qopheessituuf kennameef ture Kaameruun sababii qophii boodatti harkifachuuf Sadaasa darbe irra fudhatameera. Masiriin ammoo Waancaa Afriikaa lakkoofsa biyya itti hirmaatan gara 24'tti guddate kana qopheessuudhaaf hanga Waxabajji dhufu taphichi jalqabutti baatii ja'a qabdi. Masiriin Waancaa Afrikaa qopheessuudhaaf kun isa ja'affaa yommuu ta'u kan dhiyeenya qopheessite kan bara 2006 turedha.
oduu-48864330
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48864330
Gaazexeessituu Faasikaa Taaddasa: ''Sagaleen gad-lakkifame kan isaanii akka ta'e nan tilmaama''
Guyyoota muraasa dura ajjeechaan qondaaltota mootummaafi waraana Itoophiyaa irratti raawwate Itoophiyaa dubbii ijoo addunyaa taasisee ture.
Gaazexeessituu Faasikaa Taaddasan gaafa ajjechaan raawwate B/J Asaamminaw dubbistee turte Ajjeechaa mootummaan wanti raawwate fonqolcha mootummaati jedhe kanaan qondaaltonni mootummaafi waraanaa shan ajjeefamaniiru. Ajjeechaa kanaan kan shakkaman Birgaader Janaraal Asaamminaw Tsiggee osoo bajaajiidhaan miliqani ajjeefamuunis dhagahame ture. Televijiiniin Naannoo Amaaraa illee sagalee isaanii miidiyaa naannichatti bilbiluun ergaan akka darbu gaafatan ummataaf gadhiiseera. Gaafuma ajjeechaan raawwate galgala garuu gaazexessituun gaazexaa 'Addis Fortune' jedhamuuf hojjettu hogganaa nageenya Naannoo Amaaraa fonqolcha kana yaalaniiru jedhaman dubbisuu ishee dubbatti. Turtii isheen BBC waliin taasiste akka armaan gadi dhihaata. Battala oduun 'yaalii fonqolcha mootummaa' miidiyaa biyyaalessaa irratti himametti gaazexaa bulee gaafa Dilbataa bahuuf hoggantoota naannichaa kaan bira bilbiluun argachuu akka hin dandeenye yeroo hubattu qondaala nageenyaa naannichaatti bilbiluu ishee dubbatti gaazexeessituun kun. Yeroos yaalii kana duuba eenyu akka jiru wanti himame hin turre. Ergasii B/J Asaaminaw bira bilbiltee? Eeyyee. Kanaan duras dhimma tokkof isaan dubbise waan turef bilbila isaanii nan qaba ture. Bilbila isaanii dafani kaasanii? Yeroosuma. Si'a lama qofa waame natti fakkaata. Yeroo sanatti shakkamaa akka ta'an beektaa? Homaa wanti beeku hin jiru. Maal waliin jettan? Bilbile jennaan kaasani. Ofan beeksise. Finfinneedhaa akkan bilbile, dhaabbata kamif akkan hojjedhuufi maaliif akkan bilbile itti hime. Wanti naannichatti ta'aa jiru maal akka ta'e akka natti himan gaafadhe. Maal jedhan? Magaalaa Baahirdaar keessa walitti bu'iinsi akka jiruufi miidhaanis akka dhaqqabe natti himani. Pirees Sekireetariin Waajjira Ministira Muummee Obbo Nigusuu Xilaahun fonqolcha mootummaati jedhani ibsa kennan isin garuu walitti bu'iinsa naan jechaa jirtu yeroon jedhuun ''wanti fonqolcha mootummaa jedhamu hin jiru" naan jedhan. "Fonqolchi mootummaa mandara keessatti hin taasifamu. Fonqolchi mootummaa kan taasifamu danda'u mootummaa giddugaleessaa irrattidha." "Kuni dhugaa irraa kan fagaatedha. Tarii, mootummaan federaalaa naannicha seenuuf jedhee sababa kenne ta'uu danda'a jedheen tilmaama,'' naan jedhan. Erga fonqolcha mootummaa hin taane wanti tahe maalire jedhe gaafannaan ''Amma isa dubbachuu hin danda'u. Sababni isaas nuti qorannaa irra jirra. Adda baasaa jirra. Akkuma raawwanneen isin beeksisna'' naan jedhan. Yoom beeksistu jennaan ''Hamma tokko boru ganama qorannoo waan xumurruuf ibsa kennina,'' naan jedhan. Turtii isaan waliin qabu xumuruuko dura gaaffii xumuraa jedhe ''Dhukaasni jira jedhama. Ammallee hin tasgabboofnemoo?'' jennaan ''Anattis darbe darbe dhukaasni natti dhagahama'' naan jedhan. ''Raayyaan Ittisaa seeneera isa jedhamu irrattiwoo?'' jennaan ''Isa irratti yaada kennu hin danda'u. Wanti beeku hin jiru,'' naan jedhan. Ergasii gaaffii deebisuuf fedhii hin qabani turani. Wanti naan jechaa turan ''Qorannoorra jirra. Adda baasaa jirra. Hin xumurre. Akkuma xumurreen boru ganama ibsa ni kennina,'' deebii jedhu naaf deebisan. Namni dubbiste isaan ta'u isaanii hangam mirkaneeffatte? Sagalee isaanii nan beeka. Akkamiin kana jette? Kanaan dura dhimma nageenya naannichaa irratti isaan dubbiseen ture. Sagale isaanii sirriitti nan beeka. Bilbillis kan isaaniiti. Yeroo isaaniif bilbilte sagaleen isaanii nama jeeqame fakkaataa? Sagaleen dhukaasaawoo ni dhagahama turee? Bakka callisa qabudha. Bakka sagaleen jeequ hin turre, dhukaasnis bakka hin turre turani. Sagaleen isaaniis baay'ee tasgabbaa'aa ture. Yeroo na dubbisanis tasgabbaa'ani turani. Wanta dhageenye irraa tasgabbaa'un [isaan irraa]waan eegamu miti. Akkamin sagalee tasgabbaa'e qabaatani sitti fakkaata? Tilmaamnikee maali? Nama waraanaati mitiire? Yeroo baay'ee sagalee namoota kanasrraa miira isaanii waan hubachuu dandeenyu natti hin fakkaatu. Wanti jedhame yoo ta'ee jiraate tarii naasuu irraa hubachuu kanin dhabeef nama waraanaa waan ta'anifi jedhee nan tilmaama. Garuu afaan guutee dubbachuu hin danda'u. Turtiin waliin taasiste daqiiqaa meeqa ture? Daqiiqaa sadiifi sekondii 18 dha. Sa'aatii meeqatti bilbilteef? 2:29 [galgala] irratti ture. Dubbii isaanii goolabuuf yaalu turanii? Eeyyee akkana turani. Gaaffii erga deebisanii booda qorannaa taasisaa jirra. Irra deddeebi'ani gaafa xumurre qofa kan dubbachuu dandeenyu jedhu turan. Miidhaa dhaqqabe yeroon gaafadhu bulchiinsa naannoofi waajjira dhaaba naannicha bulchuu irratti akka dhaqqabe naaf deebisani turani. Gabaasaalee dabalataa: Maqaa dhahani kan dubbatan hin qabanii? Oduu hojjennee waan turref maqaa Dr Ambaachaw dhahe isaan irratti miidhaan dhaqqabeeraa yeroon jedhu ''Gahus gahuu dhabus mala. Afaan guutee dubbachuu hin danda'u. Isa kan dubbachuu dandeenyu qorannoon keenya gaafa xumuramedha,'' naan jedhani turan. Kanaan dura sagalee isaaniiti jedhame kan bahe ture. Namoonni gaaffii irratti kaasan turani. Akkamin si amanuun danda'ama? Sagalee isaanii eessatti waraabde? Bilbila koo irratti 'recorder' nan qaba. Gaaffiifi deebii yeroon taasisu nan waraaba. Bilbila dhuunfaa hin waraabu. Hojiif yeroo baay'ee bilbila biiroo fayyadamna. Gaafas bilbila biiroo fayyadamuf yaadeen ture. Haa ta'u malee, hojjettonni kaanis waan raawwate adda baasaa waan turanif ture bilbilakoo kanin fayyadame. Dhihoo turtii bilbilaan Hogganaan Dhaabbata Miidiyaa Naannoo Amaaraa B/J Asaamminaw Tsiggee waliin taasisan gadhiifameera. Sagalee sana namoonni gaaffii irratti kaasan jiru. Ati isaaniin sagaleedhaan adda baasuu nan danda'a waan jettef waa'ee sagalee kanaa maal jetta? Sagalee isaanii ta'u akka danda'u nan tilmaama. Akkuman siin jedhe sagalee isaanii dhagahee nan beeka. Irra deddeebi'e waanan dhagaheef addan baasa. Sagalee isaanii natti fakkaata. Sagaleen isaanii sirriidha. Lakkii sirrii miti, hojjetameeti isa jedhu irratti yaada osoo kennuu baadhee natti tola. Waan waldhabsiiseefi? Eeyyeen. Erga isaan dubbiste yeroo hangamii booda Fesbuukii irratti kan barreessite? Gaazexaa Dilbata bahu erga gara mana maxxansaatti ergine booda kanin barreesse. Sa'aatii tokko ni taha. Fesbuukii irratti yeroo barreessitu shakkamaa ta'u isaanii beekta turtee? Tasa hin beeku. Erga barreessee booda gara Adaamaa oofaan ture. Gidduutti bilbilli hedduu bilbilama ture. Bakkan deeme gaafan gahu halkanaa'eera. Intarneetiin adda cite waan turef waanin dhagahe hin qabu. Akka tasaa bakki dhaqe ibsaan hin turre. Buleeti ture televijiniin naannoo Amaaraa isaan shakkamaa akka ta'an namoonni dhagahan kan natti himani. Waa'ee waan raawwate wanti ifa hin taane turan. Erga isaan dubbiste booda keessumaa dhaabbata basaasaa biyyattii irraa namni si dubbise jiraa? Lakki. Ergasii booda qaamni na dubbise na gaafates hin jiru. Miidiyaa hawaasummaa irratti ukkaamfamte fudhatamteetti, isa dura ammoo namoota hin beekamneen ajjeefamte gatamteetti oduun jedhu dhagahama ture. Garuu akka odeeffamu wanti narra gahes ta'e kan na gaafates kan na ukkaamsee na butes hin jiru. Gaaffiifi deebii kana akka kennitu, homaa wanti narra gahe hin jiru akka jettu dhiibbaan mootummaa irraa sitti dhufe jiraa? Isa dura, guyyoota muraasa boodas dhiibbaan narra gahe hin jiru. Dhimma kana irratti namni na waamee, na dubbiseefi na gaafates hin jiru. Kallattiidhaanis ta'e kallattiin ala waa'ee kanaa odeeffannoo dabalataa argachuuf namoonni yaalan hin turree? Namoota humna nageenyaan ala jiran. Hin jirani. Namoonni beeku tokko tokko isa Fesbuukii irratti barreesse kan argan ''Dhuguma isuma dubbistee?'' Kan jedhu gaaffii na gaafataniiru. Kunneen namoota beeku dha. Isaan ala namoonni hin beekne harka wayyaa jalaan na gaafatanii hin beekan. Maaliif calliste? Waa'een kee baay'ee haasawamaa ture. Maaliif callifte? Intarneetiin gaafa Sambataa adda cite. Kanaafuu, Sambata, Dilbata, Wiixata, Kibxata hanga Roobii intarneetiin hin turre. Jira jedhee dubbachuuf tajaajila intarneetii argachuu hin dandeenye. Wanta sana [waa'ee ishee waan odeeffamu] kanin dhagahe namoonni biyya alaatii yeroo bilbilan ture. Jira jechuufis intarneetin waan hin turref deebisuu hin dandeenye. Miidiyaalerraa bilbilame kan na argatan turan. Akkuma intarneetiin dhufen akka hin hidhamne barreesseera. Sagaleen waraabame akka gadhiifamu fedhii qabdaa? Amma osoo bahu baate nan filadha. Sababni isaa, waan xumura argate miti. Waan qorannoorra jirudha. Kanaaf, kana gidduutti bahuun isaa sirriidha jedhee hin yaadu. Wanta mudate booda jireenya kee irratti ykn maatiin kee jeeqamani turanii? Homaa. Eenyuyyuu nagaafate waan hin beekneef homtuu hin jiru. Namoonni tokko tokko balaa qaba naan jedhu. Takka hidhamte, yeroo kaan ajjeefamte oduun jedhu yeroo odeeffamu jalqabarratti maatiin dhiphatani turan. Hanga bilbilani sagaleekoo dhagahanitti dhugaa itti fakkaata ture. Gaafa Roobii booda garuu wantoonni hunduu waan tasgabbaa'aan natti fakkaate. Ati garuu wanta ta'e hunda deebite yeroo ilaaltu maal ta'a osoo bilbiluu baadhe yaadni jedhu sitti dhufaa? Tasa natti hin uumne. Hojiikoo osoon hojjetaa jiru tasa kanin bilbile. Wanti addaa wanti godhe hin jiru. Humnoonni nageenyaa mootummaa hanga yoonaa sibira dhufuun yaadakee fudhachuu dhabuun isaanii si dhibaa? Lakki. Nan dhibu. Maaliif? Gaazexessituudha. Gaazexeessaan wantoota [mudatan] gaafata, qulqulleessa. Anis wanti godhe kanuma. Yeroo sanatti kanin bilbile odeeffannoo fudhachuufi. Odeeffannoos fudhadheera. Wantan argadhe barreesseera. Kana gochuun na gaafachiisa jedhee hin yaadu. Yaaddos natti hin uumne. Miidiyaa hawaasummaa irratti waa'ee isaaniin walqabatee waan barreeffamu ni hordoftaa? Darbee darbee. Wanta kana qulqulleessuuf sagalee harkakeerra jiru gadhiisuuf yeroon hin geenye jettee akka yaaddu wanti si taasise maali? Tokkoffaa qulqulleessuun itti gaafatamummaa kooti jedhee hin yaadu. Kutaan kana irratti itti gaafatamummaa qabu jira. Dabalataan, wanti xumurame waan jiru natti hin fakkaatu. Qorannoorra waan jiruf akkasidha akkasidha jechuun sirrii natti hin fakkaatu. Itti gaafatamummaa seeraa kan qabu natti fakkaata.
oduu-55812300
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55812300
Ballaxach 'Caaltuu' Dheressaa: Dubartii Oromoo hojii fi barnootaan biyyoota 70 ol waliin gahan
Ballaxach Dheeressaa jedhamu, biyyaa erga bahanii Ameerikaa jiraachuu jalqabanii waggaa 40 darbeera. Biyyoota 73 keessa naanna’uun hojiilee deeggarsa namoomaa, barsiisuu fi dhimma haqaa irratti hojjetaa turan, amma soorama bahanii boqonnaarra jiru. Seenaa isaanii magaalaa lixa Oromiyaarraa ka’ee biyyoota addunyaa waliin gahe nuu qoodaniiru. Dhiyaadhaa!
Ballaxach Dheeressaa dubartii Oromoo jalqabaa PhD argataniidhaa? Maqaan koo Ballaxach Dheeressaa Saasiggaa dha, warri Oromoo immoo Caaltuu naan jedhu. Naannoo Gimbii iddoo Haaruu jedhamtutti dhaladhus kanin guddadhe garuu Najjootti. Barnoota sadarkaa jalqabaa Najjoo Swedish Mission School mana barumsaa jedhamuttin baradhe. Haati koo fi abbaan koos otoo Xaaliyaaniin hin galiin achitti baratan. Sadarkaa lammataa immoo Ethiopian Evangelical College Bishooftuu turettin bare. Akkoon koo jechuunis haati haadha koo Boojjiidhaa bahanii Najjootti kan galan warri misiyoonii Siwiidiin mana barnootaa bananiiru jennaani. Achi galanii durba lamaafi dhiira sadii barsiifatan, yeroos abbaan warraa irra hin jiru ture. Haati koos akkasuma faanashee hordofteeti unuun nu barsiifte. Hiikaan barnootaas akkasitti daddarbaa dhufe. Anis kanumaafan barumsa jaaladhe. Barnoota Yunivarsiitii Haayilessillaasee barachuu barbaadus yeroos yennaa Haayillasillaaseen aangoorraa bu’uu jala waan tureef, barumsa koo itti fufuu hin dandeenye ture. Achii baheen piroojektii Baakoo jedhamu irratti hoggantuu itti aantuu tahuun waa’ee diinagdee maatii ofii guddisuu barsiisaan ture. Waggaa lama booda Paartiin Siyaasaa Dubartootaa Siwiidiin, Qonnaa fi Dinagdee maatii guddisuu Yunivarsiitii Egartan, Keeniyaatti na ergetu, barachuun hoggantummaaf olaanaaf of qopheesse. Haa tahu malee biyyatti yoon deebi’u piroojektiin sun cufamee waan tureef Boojjiitti deebi’een dhimma dubartootaa irratti otoon hojjechaa jiruu Federeeshiniin Addunyaa Luutaraanii, Jeneevaarraa hojiif akka na barbaadan natti himan. Isaan wajjiin ammas dhimma dubartootaarratti waggaa lamaaf hojjedhee sana booda gara Ameerikaa barnoota koo itti fufuuf adeeme. Ayoowaa Isteet Yunivarsiitii bara 1981’ttin dhaqee digrii jalqabaa barnoota Consumer Science jedhamuunin fudhadhe, digrii lammataa isa jalqabaa Consumer Education kan jedhamuun, PhD immoo Micro Economics and Family Enviroment barnoota jedhamuun argadhe. Sana boodammoo digrii lammataa biraa bulchiinsa daldalaan Yunivarsiitii Chikaagoo irraa fudhadhe, sana boodas digrii addaa ‘Master in Health Service Administration’ kan jedhuun Yunivarsiitii Waashingtan irraa eebbifameera. Barnoota PhD ergan xumuree booda Yunivarsiitii Minisootaa jiru keessatti piroofeesara gargaartuu tahee tajaajileera. Isa booda waamicha Evangelical Lutheran Church jedhamu irraa na qaqqabeen, guddina biyyoota addunyaa fi deeggarsa yeroo balaa taasifamu irratti hojjechaa ture. Baqattoota warra balaan lolaa irra gahee qe’ee isaaniirraa buqqa’aniifi namoota dhukkuba HIV’n qabaman deeggaruudhaan guddina waaraa tahe akka qabaatan gochuurrattin daarikatara taheen hojjechaa ture. Hojii kanarratti waggaa diigdama yeroon dabarsu biyyoota 73 adeemeen deeggarsi nuti achii gad erginu hojiirra ooluusaa, namoonni deeggaramuusaanii fi gargaarsa biraa akka isaan barbaadanillee hordofaa ture. Yeroo duguuggaa sanyii Ruwaandaa garas dhaqee gara-jabeenya ilma namaa argee yeroon itti gadde yoo tahu, Baangilaadeshitti immoo lafa deeggarsi fayyaa hin jirretti hospitaala ijaarsisnee dubartoonni achitti yoo dahan taajjabuun yaadannoo na gammachiisan keessaati. Kitaaba ‘Oromtittii’ Kitaabni kuni ‘Oromtittii, The Forgotten Women in Ethiopia history’ jedhama. Waa’ee dubartii Oromoo seenaa Itoophiyaa keessatti irraanfatamteeti kitaabichi. Warra dhiiraa 'ilma Ormaa' jedhu ishee dubaraa immoo maaliif Oromtittii hin jennu kan jedhuunin maqaa kana kenneef. Kitaaba kana otoo 2003tti hin maxxansiisiin dura waggaa dheeraa ture. Ani warreen Waldaa Qorannoo Oromoo bara 1986tti hundeessan keessaati, achitti waa’ee aadaa, diinagdee fi siyaasa biyyaa irratti mari’anna, animmoo waa’ee dubartootaan haasa’a ture. Ana qofaatu waa’ee dubartootaa dubbata, dubartiin Ameerikaa Boonii Holkomb, kan nuti Qabbannee jennuun na faana jirti ture. Yeroos kitaaba Oromoo Dimookiraasii jedhu nama shan taanee barreessuuf erga waliigallee booda, Dr Asmaroom Laggasa kan yeroos nu gaggeessaa ture biyyasaatti galee hafe jennaan kitaaba kana qofaatti barreessuun jalqabe. Kitaabni kun kan irratti xiyyeeffatu dubartoonni Oromoo biyya sanaaf maal godhaa turani, dubartoota kanneen akka Warqituu faa kan Walloo bitaa turan waa’ee isaanii namoota biyya alaatu baayyee barreesse gatii taheef isa walitti qabeen namni akka baruuf gochuu yaale. Kaanimmoo dubartoota gama barnootaan Onasmoos Nasiib waliin turan kanneen akka Asteer Gannoo, Liidiyaa Dilboo fi Aadde Feeban haadha koo faa barsiisaniiru. Gama biraan yeroo bara Dargii dubartoota sababa ilaalcha isaaniif ykn abbootiin warraa isaanii yeroo biyyaa bahan saba isaanii dabarsanii gatii hin kennineef mana hidhaa bu’an jajjaboon turan ammallee jiru - waa’ee isaaniis kitaabicha keessa galcheera. Dhumarratti waa’ee sirna Siiqqee Asmaroom Laggasa waliin mari’achaa ''aadaa ergisaa malee Oromoon dubartii akka hin cunqursine,’’ waanin bareefin kana dabarsuu barbaadee barreesse. Dubartii Oromoo PhD argatan ishee jalqabaa? Ani dubartii Oromoo jalqabaa digrii sadaffaan eebbifame tahuu koo hin beeku, garuu ani waggaa 35 dura yeroo PhD koo fudhadhu dubartii Oromoo PhD qabdu hin beekun ture. Dubartii maastarsii qabdu tokko nan beeka, kanaaf anuma natti fakkaata garuu yoo jiraatan baruun barbaada. Yeroo haara galfii Waggaa dheeraa barachaa fi hojjechaa ture, inni immoo dadhabbii baayyee qaba, kanaaf amma abbaa warraa koo Dr Baahiruu Gammachuu waliin magaalaa Ameerikaa Joorji Taawon jedhamtu kan Waashingitan irraa xiqqoo fagaattee argamtu keessatti haaragalfii irra jira. Haa tahu malee yeroo barbaachisaa tahetti waa’ee dubartii Oromoos tahe waa’ee biyyaa nan barreessa. Ijoolleen shamarranii adaraa barumsa keessanitti cimaa! Yoo barattan isa kan sammuu keessan keessaa fudhatu hin jirun isiniin jedha. Maatiin ijoollees akkasuma ijoollee dubaraafi dhiiraa qixxee barsiisaa, gaafa waan gaariirra gahan isiniinuu deeggaru.
oduu-51655481
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51655481
Sodaa koronaavaayirasiin Sa'udiin imala Makkaa fi Madiinaa dhorkite
Koronaavaayirasiin jalqaba Chaayinaatti dhalate amma addunyaarra faca'ee biyyoota addunyaa rifaasiseera, Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) biyyoonni addunyaa ittisa vaayirasichaarratti akka cichan dhaameera.
Akka Dhaabbati Fayyaa Addunyaa jedhutti yeroo jalqabaaf lakkoofsi namoota Chaayinaan alatti koronaavaayirasiin qabamanii baay'ina namoota Chaayinaa keessatti qabamanii caaleera. Waa'ee vaayirasii kanaa odeeffannoo wayitaawaan jiru maali? Sa'uudii Arabiyaa Italii Iraan Taayiwaan Jappaan Chaayinaa Ameerikaa Aljeeriyaa Biyyoonni Awurooppaa kanneen akka Ostiriyaa, Kirooshiyaa, Giriis, Noorway, fi Suwiizarlaand koronaavaayirasiin biyyasaanii keessatti mula'chuu ibsaniiru. Vaayirasichi Italii irraa akka gara biyyasaaniitti tatamsa'es ibsan. Sodaa tatamsa'ina koronaavaayiras irraa kan ka'e leenjiin waraanaa Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa waggaa al tokko waliin taasisan yeroo biraatti darbeera. Loltoonni Kooriyaa Kibbaa hedduun akkasumas lammii Ameerikaa tokko vaayirasichaan qabamaniiru.
oduu-49724332
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49724332
Eertiraa: Amnastiin hidhamtoota siyaasaa 28 waggoota 18'f hiite akka gadhiiftuuf gaafate
Motummaan Eertiraa gaazexessitootaa 17 fi hidhamtoota siyaasaa 11 sababii bulchiinsa pireezidantii Isaayyaas Afawarqii qeeqaniif bara 2001'tti erga hidhee as gonkumaa waa'een isaanii argamees, dhagaahamees hin beeku jedhe dhaabbanni mirga namoomaaf mormu 'Amnesty International'.
Ministira Maallaaqaa Eertiraa duraanii kan turan Birhaane Abrihaa, erga hidhamanii waggaa 1 Dhaabbattichis waggaa 18ffaa namoonni kunneen itti to'ataman sababeeffachuun akka gadhiifamaniif har'a irraa kaasee duula miidiyaa hawaasaa guyyoota 18 labseera. Akka ibsa dhaabbata kanaatti hidhamtoonni siyaasaa 11 kan to'ataman, pireezidaant Isaayyaas heera biyyattii kabajuun filannoo akka gaggeessuuf xalayaa waan barreessaniifi. Gaazexeessitoonni 17'n ammoo waa'ee xalayichaa gabaasu isaaniif kan to'atamani jedheera. Namoonni kunneen erga guyyaa itti to'atamanii kaasee himaannaan irratti banames ta'e, namni waa'ee isaanii dhagaheefi arge hin jiru jedheera dhaabbatichi. Dhaabbatichatti Direektarrii biyyoota baha Afriikaa, Gaanfaa fi Giret Leeksi kan ta'an, Sayiif Maagaangoo akka jedhaniitti, ''hidhamtoota kanneeniif haqi osoo gaafatamu waggoota 20 ta'uufi, kan nama dhibu garuu Eertiraan miseensa dhaabbata mana maree mirgoota namoomaa ta'usheeti.'' ''Gochi seera malee namoota hidhuu kun mormitoota mootummaa Isaayyaas balleessuuf fageenya hangamii akka deemu kan mullisuudha." "Eeritiraatti akkuma hidhamtoota siyaasaa dhibba hedduun lakkaa'aman kan birootti, dhiiraafi dubartoonni 28 kunneen haal-duree tokko malee gadhiifamu qabaatus'' jedheera. Duulli miidiyaa hawaasaa guyyoota 18 har'a eegalu kunis, waggaa tokkooffaa hidhamuu Ministira Maallaaqaa Eertiraa duraanii kan turan Birhaane Abrihaa waliin walqabatee kan gaggeeffamuudha. Obbo Birhaanen kan to'ataman erga kitaaba ummanni dimookiraasiif karaa nagaatiin akka qabsaa'uuf kakaasu maxxansiisanii booda waggaa har'aa ture. Obbo Birhaane Abrihaa akkuuma hidhamtoota kanneen biroo bakka iccitiifi gonkumaa addunyaa alaatiin wal hin agarree keessatti hidhamaniiru. Erga qabamanii kaasees eessa akka jiraniifi fayyaa isaanii ilaalchisees maatiin waan beekan hin qaban jechuun ibseera Amnastiin. Akkasumas gochi haqa qabeessa hin taane pirezidaant Isaayyaasii fi motummaan saanii hidhamtoota kanneenii fi kan biraa irratti raawwatan kan isa yaaddessu ta'uu ibseera. ''Addunyaan nuffii tokko malee hidhamtootaafi maatii isaanii waliin hiriiruun, aanga'oonni Eertiraa namoota kanneen haal dure tokko malee akka gadhiisuuf gaafachu qaba,'' jedhan.
51353409
https://www.bbc.com/afaanoromoo/51353409
'Ilmakoo konkolaataa jala naannessanii rasaasaan ajjeesan' Obbo Misgaanuu Lammii
Sanbata darbe ALI gaafa guyyaa 23 bara 2012 ganama keessaa naannoo sa'atii sadiitti dargaggoon umurii waggaa 22 Naa'ol Misgaanuu magaalaa Naqamtee bakka Boordii jedhamutti humnoota nageenyaa mootummaatiin ajjeefamuu Abbaan isaa Obbo Misgaanuu lammii BBCtti himaniiru.
Daandii magaala Naqamtee keessa Ilmi isaanii akkuma kanaan duraa hojiif sa'atii saditti manaa ba'ee galaafatamuu kan dubbatan Obbo misgaanuun,''Bakka inni hojjetu garaajii Boordiitti argamutti konkolaataa jala naannessanii rasaasaan ajjeesan.'' jedhu. Naa'ol wayita raayyaan ittisa biyyaa rasaasaan ajjeesan hiriyootasaa waliin mana garaajii ture kan jedhan Obbo Misgaanuun,''Rakkoon nageenyaa homtuu osoo hin jiraatiin dhaqanii dhukaasuma eegalan. Isa booda ilmakoo Naa'ol rasaasi argatee wayita galaafatu hiriyootasaa biroo osoo hin miidhin dhukaasa dhaaban.'' jedhan. ''Sa'atii saditti deemnee wayita reenfa kaasuuf jennu miseensonni raayyaa ittisa biyyaa dhaabatanii jiru. Naa'ol lubbuun keessaa ba'eera. Ajjeefamuu Naa'ol booda isaanuma (raayyaa ittisa biyyaa) gidduuttiyyuu dhibdeen uumamee ture. Nuti reenfa kaafnee hospitaalatti erga geessinee booda awwaalle.'' jechuun haala yeroo sana ture ibsan Obbo Misgaanuun. Yakki ilmasaaniirratti raawwatame daran akka isaan suukanneesse kan dubbatan Obbo Misgaanuun,''Haqi keenya ukkaamfamee hafeera. Bakka itti iyyannu hin qabnu. Yoo iyyachuuf deemnes yakka biraatu nurratti raawwatama. Kanaafuu dhiigi ilmakootii bakkeetti dhangala'ee hafe.'' jedhan. Akka Obbo Misgaanuun jedhanitti magaalaan Naqamtee yeroo ammaa tasgabbii qabaattus raayyaan ittisa biyyaa garuu baay'inaan socho'u. Dhukaasni duraan darbee darbee mul'atuu fi ajjeechaan namoota nagaarratti raawwatus gidduun dhaabbatee ture, amma kunoo ilma koo Naa'olirratti deebi'ee eegale jedhan. Ilmi isaanii Naa'ol isaanirraa addaan ba'ee akka hin beeknee fi siyaasa keessattillee hirmaatee nama hin beekneedha kan jedhan Obbo Misgaanuun,''Maaliif akka isaan mucaa koo hordofanii ajjeesan naaf galuu hin dandeenye. Ilmi koo siyaasa keessattis hirmaannaa hin qabu. Hojjetee of jijjiiruuf kaata. Utuma ta'eellee kan darbee darbee gaaffii mirgaa gaafatu anadha. Inni homaa quba hin qabu'' jedhan. Obbo Misgaanuun akka jedhanitti magaalaa Naqamtee keessa socho'uun rakkoodha. Keessattuu galgala sa'atii 12 irraa eegalee sochiin guutummaatti dhaabbata jedhan. Namoonni hedduun Godinaalee Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa irraa baqachuun firoota isaanii magaalaa Naqamtee fi naannawa ishee jiran biratti gugatanii akka jiran quba qabaachuus dubbatu Obbo Misgaanuun. Haala nageenyaa Lixa Oromiyaa irratti akka yaada nuuf kennaniif kan gaafanne qondaalli nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu, odeeffannoo nuuf kennuuf iyyamamoo hin taane. Lixa oromiyaatti ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwataa jiruuf garuu namoonni raayyaa ittisa biyyaa komatu. Mootummaan garuu olaantummaa seeraa kabachiisuun nageenya lammiilee mirkanessuufan waraana garasitti ramade jedha. Godinaaleen Wallaggaa Lixaa erga komaandi postiidhaan buluu eegalanii waggaa caaleera. Ministirri Muummee Abiy Ahmad waa'ee wallaggaa maal dubbatan? Godinaaleen Oromiyaa bulchiinsa Komaandi Postii jala jiran kanneen akka Gujii fi Wallaggaa yaaddoo nageenyaa keessa jiraachuutu himama. Keessattuu godinaalee wallaggaa irraa erga tajaajilli bilbilaa fi interneetii addaan citee as haalli achitti ta'aa jiru daranuu nama yaaddesseera. Torbee darberraa eegalee Anfilloo, Gidaamii, Beegii, Najjoo, Mandii fi Naqamtee keessatti namoonni nagaan hidhattootaan ajjeefamuu namoonni miidiyaa hawaasummaarratti barreessaa turan. Keessattuu Godina Qellem Wallaggaa keessaa namoonni baqachuun gara naannolee ollaatti godaanaa jiraachuun ammoo daranuu yaaddoo guddaa uumeera. Guyyaa kaleessaa ,Wiixata 3,2020 gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa kaasaniif deebii kan kennan Ministirri Muummee Abiy Ahmad,''rakkoo lixa Oromiyaatti uumamaa jiruuf maddi isaa biyyaa ala osoo hin taane numa gidduutti kan uumameedha'' jedhan. Biyya tokko keessa mootummaan lamaa fi qaamni hidhate lama jiraachuu hin danda'u kan jedhan Ministirri Muummee Abiy,''Mootummaan nagenya eegsisuuf ni dirqama.'' jedhan. Nama ajjeesuun bu'aan argamu tokkollee kan hin jiru kan jedhan Ministirri Muummee kun ,''furmaati ammas karaa nagaan mari'achuudha'' jedhan. ''Raayyaan ittisa biyyaa dhukaasee nama 10 yoo ajjeese kisaaraa malee bu'aa hin qabu. Kan du'u lammii keenya. Kan hidhatee bosona jirus barataa ukkaamsee kan fudhatu yoo ta'e homaa bu'aa hin qabu. Furmaatisaa karaa nagaan mari'achuudha.'' ''Karaan amma irra jirru nun baasu. Haala kanaan namni mo'us hin jiru. Kanaaf jecha yeroo dheeraadhaaf tasgabbiidhaan itti deemaa turre. Ammas tasgabbiidhaan itti deemuun itti fufa.'' Rakkoo mudachaa jirurratti yaada walxaxaa fi walfalmisiisaa kaasuun kanneen mootummaa muddama keessa galchuu barbaadan jiru kan jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad, ''gama tokkoon nageenya eegsisuu hin daneenye jedhanii nu komatu. Namootumti komii kana kaasan ammoo deebi'anii Wallaggaarratti oppireeshinii gaggeessuun uummata darartan jedhu. Namoonni akkas jedhan yeroodhaaf waan mootummaa huban fakkaata malee boodarra uummata walitti buusuun isaanii hin hafu. Mufii saboota Amaaraa fi Oromoo sadarkaa hammaataarraan kan ga'uudha,'' jedhan. Barataan sababii eenyummaasaatiin Dambi Doollootti uggurame kan jedhuuf,''barataan eenyummaa uummata naannoo sanaarraa addaa hin qbau. Jibuutii ykn Sudaan irraa miti kan dhufan. Haadha bishaan isaan obaaftu gidduu jiru. Qaamni barattoota ugguruun siyaasa gaggeessu yoo jiraates kun hojii baay'ee gadi bu'aadha. jedhan.
oduu-56040653
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56040653
Mormii naannoo Tigraayiin lubbuun namootaa darbuun himame
Mormii Naannoo Tigraayiitti torban darbe taasiifameen lubbuun namoota baduu jirraattoonniifi maddeen hospitaalaa BBCf mirkanneessan.
Taateedhuma kannaan walqabatees yoo xinnaate namoonni saddeeti ajjeefamuun ibsame. Jiraattoonnis gareen dureewwan amantaafi jaarsoolii biyyaa gara Maqalee deemuu mormuun namoonni kaan daandiirratti bahuun gomaa gubuun, kaan ammoo mana keessa turuun mormiisaanii mulisuutu ibsame. Gareen abbootii amantaa kun silaa kutaalee hawaasaa adda addaa waliin marii nagaa taasisuuf ture kan imalan jedham maddi BBCn dubbise tokko. Akka jiraattoonni ijaan argan jedhaniitti, keessummoonni kunneenis Wixata Guraandhala 8,2021 galgala ture magaalattii kan galan yoo ta'u, kunis miseensoota hawaasaa muraasa jidduutti aarii uume. Tigroonni hedduunis garee kunis tarkaanfii waraanaa mootummaa MM Abiy Ahimadiin fudhatamee deegaruu jechuun balaaleeffatu. Akkasumas, beela ummanni naannichaa keessa jiruuf xiyyeeffannaa hinkenniine jechuun himatu. ''Ammalleen Maqalee keessatti hugguurri guutuun taasifamee kan jiru yoo ta'u, namoonni socha'an baayyee xiqqaa ykn omtu hinjiru, suuqiiwwaniifi dhaabbileen dhuunfaa cufamaniiru. Geejibni magaalattii keessa hinjiru,'' jedha jiraataan Roobii BBCn Magaalicha rraa dubbisee ture. Maqaleen alattis magaaloota akka Shiree, Adigraat fi Wuqroo kan Km 45 Maqaleerraa fagaattu keessattis mormiin gaggeeffamee namoonni saddeeti ajjeeffamuu Jiraataan Wuqiroofi oggeessi fayyaa maqaan akka hindhahamne gaafatan BBCtti himan. Dureen Sabaa Himaa Magaalaa Maqalee, Obbo Xa'aaman gama isaanitiin mormicha, ''sochiiwwan seeraan alaafi kan saamtootaa'' jechuun balaaleeffataniiru, akka raadiyoon naannoo isaan eeruun gabaaseetti. Mootummaan federaalaa Sadaasa 28 erga Maqalee to'ateen booda lolli xumuramuu labsee ture. Haaluma kanaanis, lolli humnootii mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti Sadaasaa 4 eegalee injifannoon kan xumurame fakkaatee ture. Mootummaan oppareeshiniin lolaa xumuramee jira haa jedhu malee dhaabbileen UN fi gargaarsaa lolli ammalleen bakkeewwan Tigraay tokko tokkoo keessatti gaggeefamaa akka hiru himu. MM Abi Ahimd 'oppareshinii seera kabachiisuu' TPLF irratti kan labsan erga isaan humnootii raayyaa ittisa biyyaa Komaandii Kaabaa irratti haleellaa raawwataniin booda ture. Jiraattoota maaltuu aarsee? Mormiin torban kanaas erga dhuma Sadaasaatti mootummaan federaalaa Maqalee to'ateen booda ummanni mormii wayita bahan kun isa jalqabaati. Bakka bu'aan amantaa naannichaa akka walgahii ummataa irratti hirmaataniif affeeraman tokko sababii jiraattonni marii nagaa jedhameetti aaraniif himu. ''Dureewwan amantaa ummataa waliitti qabuu barbaadan. Tibba rakinichaatti waa'ee kenya hingaafannee ture. Midiyaa idil-addunyaa waliin ta'uun beekatuma akka waan nagaan Tigraay keessatti bu'ee addunyaatti sobaan mulisuun yaadame.'' Namni kun akka jedhaniitti, dhuunfaa isaaniitti affeerraa jarri konfaransichi osoo hineegaliin daqiiqaa 20n dura dhiyaateef osoo hinfudhatan hafan. ''Tigraay keessatti lolatu jira. Namoonni guyyaa guyyaan du'u. Akka nama amantaa affeerraa akkasii gonkumaa hinfudhadhu. Osoo dararama ture hinbalaaleeffatiin marii nagaa jechuun bu'aa maal qaba? Dhaabbilee amantaa kunneen wayita waldaaleen, bakkeewwan amantaa gubataniifi diigaman akkasumas lubuuwwan ajjeefaman jecha tokko hindubbannee,'' jedhu. Dhaabbilee amantaa kunneen irra jireessisaanii tarkaanfii lolaa mootummaa federaalaa TPLF irratti fudhate jalaqaba irratti deeggarunsaanii ummata Tigraay aarseera jedhu. Itti-gaafatamaan Sabaa Himaa Tigraay Iteenash Nigusee BBCtti akka himaniitti, ''Ummanni akka manaa hinbaaneefi geejjiba akka dhaabuuf odeeffannoo dogongoraatu tamsa'aa ture.'' ''Konfaransiin ummataa keessuummota amantaafi bakka bu'oota hawaasaa waliin gaggeeffame. Keessummoon magaalattii dhufanii wayita doowwatan kun kan jalqabaa miti. Kaayyoon isa ammaa kanaas haala amma Tigraay keessa jiru hubachuun irratti mari'achuuf,'' jette dabaluun. Akkasumas, ibsa bulchiinsi mootummaa yeroo akka jiraattoonni isaan waliin waliiti dhiyaatee hojjachuun nageenyaafi tasgabbii isaanii mirkaneessaniif taasisee yaadattee jirti. ''Rakkoo yoo qabaanne, nutti himamuun fooyyeessuu dandeenya. Kanaan alatti, sochiiwwan seeraan alaa nageenya keenya jeequun boodeetti nu deebisan taasisuun fudhatama hinqabu,'' jette. Haata'u malee, namoota sababii kanaan du'an akka hinmirkanneeffannee himte. Guyyaa Kibxataa maaltu ta'e? Mormicha eenyu akka qindeesse ifaa miti, garuu ammoo namoonni baayyeen manuma keessa oolan. Suuqiiwwaniifi dhaabbileen dhuunfaa cufaa turan. ''Geejjibni ummataa omtu hinturree,'' jedhu jiraataan BBCn bilbilaa dubbise tokko. Dabaluunis humnootii nageenyaa suuqiiwwan akka banamaniif humaan dirqisiisaa turan jedhu. ''Namoonni humnaan akka konfaransicha hooteela Pilaaneet keessatti gaggeefameerratti hirmaataniif dirqisiifaman.'' ''Kunis dargaggoonni dhakaadhaan daandii akka cufaniifi magaalatii keessatti eddoowwan garaa garaatti gommaa gubuuf kakaase,'' jedhu jiraataan haalicha ijaan arguu himan kun. Muraasni isaanis humnootii nageenyaa irratti dhakaa darbachaa kan turan yoo ta'u, isaan ammoo mormitoota irratti dhukaasuu arguu dubbata namni maqaansaa nageenyaaf jecha akka hindhahamne gaafate kun. Jalqabarratti namni tokko ajjeefamuun hakima hospitaala Ayidariin mirkanaa'uu AFP gabaaseera. Hojjataan Hospitaala Maqalee tokko ammoo namoonni saddeet biroo miidhamuun wallaansa argataa jiraaachuu BBCtti hime. Magaalattii keessatti humnootiin nageenyaa baayinaan kan mulatan yoo ta'u, bakka bakkattis sakkata'insi jiraachuu jiraataan ollaa Adii Haawsi tokko BBCtti hime. Itti-gaafatamaan Saba himaa magaalattii Obbo Te'aam jiraattoonni suuqiisaanii akka bananiif gaaffachuun yoo didan ammoo bulchiinsa magaalaa tarkaanfii seeraa akka irratti fudhatu akeekkachiisu midiyaalee biyya keessaa gabaasan. Akkasus namoonni duulicha keessatti hirmaachuun himataman 12 to'atamuu himeera. Jiraattoonni garuu baayyeen qabamuufi garaa garummaa tokko malee akka reebaman himu. Mormiin magaaloota biroo jiraa? Magaalaa Wuqiroo kan Maqalee irraa fageenya KM 45 irratti argamtuutti mormiin Roobii eegale. Kunis sababii odeeffannoo dureewwan amantaa marii wal fakkaataaf gara magaalattii ni dhufu jedhu dhagahameef akka ta'e jiraataan tokko BBCtti hime. Sababii kanaanis suuqoonni hundi cufamuufi daandiin ugguramuu hima. Sararri bilbilaasa Roobii ganama sa'aatii lamaa hanga sa'aatii 9tti adda cituu himu. ''Daandiirra osoon jiruun sagalee dhukaasa rasaasaa dhagahe. Achii hundi keenyaa fiigne manatti galle. Akka tasaa ta'ee namoonni daandiirra turan xiyyeeffannaa keessa galfaman,'' jechuun hakimiin tokko sirna awwalcha namoota ollaasaa lama irratti hirmaate tokko BBCtti himan. Eenyummaan namoota ajjeefaman lamaanii yoo himuus, lamaanuu gaarii fardaarra kan hojjatan turan jedha. Sababii kanaanis namoonni hedduun madaa'aanii yoo xinnaate saddeeti ajjeefamuu mirkanaa'eera. Isaan kessaayis tokko ganda 16 irraa, lama ammoo naannoo mana barnootaa Kisaanet fi tokko ollaa Magaalaa Maqaleetti ajjeefaman. Jiraattoonni BBCtti akka himaniitti, namoota ajjeefaman keessaa muraasni kanneen baadiyyaa dhufanii gargaarsa fudhataa turan. Taatee jedhame kanarratti qaamni motummaa federaalaa yaada kennee hinjiru. Yaaliin BBCn bulciinsa motummaa yeroo naannoo Tigraay addatti dhimma kanarratti dubbisuuf taasisee hinmilkoofne. Guyyaa Kamisaa haalli fooyya'ufi jiraattoonni muraasni ammoo mana saanitii bahuu eegaluu dubbatu. Maaltu kanaaf ka'umsaa? Erga lolli naannoo Tigraay eegalee guyyoota 100 guteera. Namoonni miliyonaan lakkaa'aman qee'eesaanii irraa kan buqqa'an yoo ta'u, kanneen kuma 60 ol ta'an Sudaaniitti baqataniiru. Dhaabbannii Motummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Awurooppaa naannicha gutuuttu namoota deeggarsi barbaachisu bira gahuuf danggaa akka hinjiraane gaafachuun, naanicha keessaaf balaa namoomaatiif sodaa qabaachu ibsan. Akkasumas himannaawwan miidhaawwan mirgoota namoomaa kan akka gudeeddee, ajjeechaa sanyii bu'ureeffatee, ukkamsuufi saamichaa qaama walabaatiin akka qoratamuuf waamicha dhiyeessaniiru. Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaafi Motummaan Itoophiyaa naannichatti deeggarsa nyaataa namoota miliyoona sadiif taasisuuf waliigalte irra kan gahan torbanuma darbe kana ture.
oduu-55877116
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55877116
Koronaavaayiras: Talaalliin Covid-19 hanga ammaatti hojiirra oolaniifi haaraa dhufaa jiran isaan kam?
Weerara koronaavaayirasii to’achuuf hojiin jumlaan talaaluun gaggeessuu taasifamaa jira.
Carraa namootni dhukkubsachuu, wal’aansa hospitaala barbaaduu ykn lubbuun isaanii darbuu hir’isuuf, talaalliwwan hedduu mala gara garaan hojjatamaan fayyadaarra oolaa jiru. Talaalliwwaan haaraa lama biroo ammoo yaaliin bal’aan irratti taasifamaa ksn jiru yoo ta'u, akka bu’aa qabeessa ta’an mul’isa. Talaalliin maaf nu barbaachiisa? Vaayirasiin kun erga tatamsa’uu jalqabee waggaan tokko darbeera. Ta’us namoootni harki caalan ammayyuu dhibee kanaaf saaxilamoodha. Dhorkiiwwaan sochii dhorkuu jiruufi jireenyaa keenya daangessan qofaatu tatamsa’a vaayirasicha hir’isaa jira. Talaalliin qaamni keenya vaayirasicha akka ofirraa ittisuu kan barsiisu yoo ta’u, weerara kana keessaa ba’uufis nu gargaara. Talaalliwwaan gurguddoo sadan Talaalliwwan dursoo sadan kanneen Pfizer/BioNTech, Moderna fi Oxford/AstraZeneca jedhaman oomishamaa jiru, biyyoota gara garaattis namoonni talaaliiwwan kunneen fudhachaa jiru. Pfizer fi Moderna lamaan talaallii RNA- kan mala haaraa aritiin qophaa’uu danda’an omiishaniiru. Koodii qaccee sanyii koronaavayirasii xiqqoo gara qama keenyatti yeroo galchamu koroonaavaayirasii omishuun qaamni offirraa akka ittisu taasisa. Kunneen UK, Awurooppaa fi US keessatti fayyadamaaf raggaasifamaniiru. Talaalliin Oksifoord vaayirasii miidhaa uumuu hin dandeenye akka qaccee sanyii kana baataniif waan fayyadamuuf hanga tokko addadha. Talaalliwwan sadan keessa inni kun teemprichara hedduu qorraa fayyadamuurra firiijii keessa kaa’amuu waan danda’uuf isa salphaadha. Talaalliwwan haaraa lamaan dhufaa jiran Yaalii bal’aa talaalliwwaan haaraa lamaan irratti odeeffannoon dhiyeenya dhiyaataniiru. Hojiin Janssen fi Novavax amma talaalliin kennamuun dura kaneen talaalli raggaasisaniin raggaasifamuu qaba. Talaalliin Janseen mala talaallii Oksifoordi kan fayyadamuu ta’us, dozii lamaan kennamuurra takka qofa kan kennamu ta’a. Firiijii keessa kan kaa’amuu ta’uu isaan dabalata, talaalliin biiliyoona tokko bara kana raabsamuuf qophaa’ees addunyaa irratti bu’aa guddaa uumuu danda’a. Addunyaan hafe maal gochaa jira? Awuroppaa fi US keessatti fayyadamamaa jiraachuu baatanis talaalliwwan bu’aa qabeessa ta’an biroon jiru. Talaalliwwan Sinovac, CanSino fi Sinopharm saayinstistoota Chaayinaatiin kan oomishaman yoo ta’u, biyyootii Eeshiyaafi Ameerikaa Kibbaa keessa jiran waliin waligaltee mallatteesaniiru. Chaayinaa keessatti namootni miiliyoona tokko ta’an, talaallii Sinopharm argachuun isaanii gabaafameera. Talaalliin Sputnik V, Wiirtuu Qorannoo Gamaleyaa Raashiyaan kan omishame yoo ta’u, talaallichi bu’aa qabeessa ta’uu isaafi namootni muurasni argachuu isaanii maxxanfameera. Bu’aa qabeessummaan hunda isaanii wal qixaa? Yeroo weerara kanaatti bu’aa talaalli dhaabbata tokkoo waliin madaaluun ni cima, sababiin isaa yaaliwaan isaanii akkataa gara garaan gaggeeffaman waan ta'eef. Ta’us, talaalliwwan dursoo carraa sababa Covid’n wal’aansa barbaaduukee ykn du’uukee irratti dhiibbaa guddaa kan qaban fakkaata. Ta’us garuu - gaaffiin inni guddaa – tatamsa’ina vaayirasichaa ni dhaabuu kan jedhuuf garuu- deebiin hin argamne. Mala kamtu caalaatti bu’aa qabeessa kan jedhu garuu yaalii addaa kan itti namootni beekaa vaayirasichaan qabamnii gaggeeffamuun adda baafama. Waantonni adda ta’an maali? Gosootni koronaavayirasii haaraan addunyaa irratti biyyootii garagaraatti mul’aachaa jiru. Ta’us garuu, odeeffannoon Janssen fi Novavax kan gosa covid haaraa kana qaban irratti ragaan jiru akeekkachisa kan qabu fakkaata. Talaalliwwan lamaan Afrikaa Kibbaa bakka gosti Covid haaraa itti mul’ate keessatti bu’aa qabeessummaan isaanii dhibbaa guddaa hin qabaanne. Bu’aan argame kun gaariifi talaallii homaa jirachuu irraa gaarii ta’us, koronaavayorasiin xiyyeeffannoo qabuuf rakkisaa ta’edha. Gara fulduraatti talaalli fayyadamnu geddaruun barbaachisuu mala. Wanti ammas hojjatamuu qabu maali?
oduu-52768544
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52768544
Koronaavaayiras: Finfinneetti tamsa'inni Covid-19 to'annoon ala bahaa jiraa?
Magaalaa Finfinnee keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamu guyyaa guyyaan haalaan dabalaa deemuusaa ragaan Ministeera Fayyaafi Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa ni agarsiisa.
Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa, Itoophiyaatti namoota Covid-19 irratti argame keessaa %60 ol kan ta'an jiraattota Magaalaa Finfinnee akka ta'an ibsaniiru. Keessattuu guyyoota sadan darban keessa namoonni dhibeen kun irratti argamu baay'ee dabalaa kan jiru yoo ta'u, isaan keessaa ammoo harki caalaan Finfinnee keessattidha. Guyyaa Jimaata Caamsaa 22, 2020 vaayirasichi namoota 34 irratti kan argame yoo ta'u, isaan keessaa 18 jiraattota Finfinneeti. Sanbata Caamsaa 23, 2020 namoota 61 koronaavaayirasiin akka irratti argame keessaas 48 kan ta'an jiraattota Finfinneeti. Akkasumas, Dilbata kaleessaa Caamsaa 24, 2020 ammoo waliigalatti namoota 88 Covid-19 irratti argamuun mirkanaa'e keessaa 73 kan ta'an Finfinnee jiraatu. Dhimmi caalaa ogeessota yaaddessaa jiru ammoo namoota vaayirasichi irratti argamee keessaa irra caalaan isaanii seenaa imala biyya alaa ykn namoota dhibee kanaan qabaman waliin tuttuqaa beekamu kan hin qabne ta'uu isaati. "Namoonni vaayirasichi irratti argame hedduun isaanii seenaa imala biyya alaa ykn nanmoota dhibee kanaan qabaniin tuttuqaa beekamu kan hin qabne ta'uun isaanii, weerarri kun hawaasa keessa akka seene kan agarsiisuudha" jedhu muuxannoo waggaa 40 kan qaban ogeessi fayyaa hawaasaa Obbo Hayilee Wuubneeh. Kanaafis amma booda dabalaa deemuun isaa waan hin oolle jedhu. Dhibeen tokko hawaasa keessa galeera kan jedhamu maddi muummeen dhukkubichi ittiin darbe biyya keessaa yoo ta'e ykn nama naannoo isaa jiraatu irraa yoo ta'edha, kunis weerarichi hawaasa keessa babal'achusaa kan agariisuudha jedhan. Yunvarsiitii Niiwu Yoorkitti barsiisaa kan jiruufi ogeessi fayyaa hawaasaa Dr. Abebaayoo Nugusee gama isaatiin: "Weerarri kun hawaasa keessa salphaatti tatamsa'uu carraan uumamuun akka saffisaan babal'atullee ni taasisa," jedha. Namoonni dhibee kanaan qabaman hanga baramanitti ykn ifatti irra gahamee hanga adda baafamanitti, tuttuqaa baay'een waan jiraatuuf tatamsa'ina dhibee kanaa to'achuudhaaf yaaddessaa taasisa jedha Dr. Ababaaayyoon. Itoophiyaa keessatti dhibeen kun erga mul'achuun isaa barame booda tarkanfiiwwan mootummaan fudhataa tureen alatti torbeewwan shan duraa keessa tarkaanfiiwwan of eeggannoo hawaasni Finfinnee fedhiisaatiin bakka hundatti taasisaa ture ol aanaa ture jedhu Obbo Hayileen. Haata'u malee, suuta suutaan of eeggannoowwann sun laaffataa dhufanii, keessumaa tibba Ayyaana Faasikaatti hawaasni of dagachuun isaa ifatti argamaa ture jedhu. Isaan boodas, dhorkaan geejjibarra ture laaffachuudhaan namoonni akka socho'an hayyamamuu isaa yaadachuun, "tarkaanfiin kaa'amee ture yeroo sana laaffachuu isaatu yeroo ammaa kana gatii nu baasisaa jira," jedhu. Dr. Ababaayyoon gama isaatiin lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii jalqabarra gadi aanaa ta'ee turuun isaa hawaasa keessatti waa'een dhibee kanaa akka dagatamu taasiseera jedhu. Dr. Ababaayyoon Magaalaa Niiw Yoorki kan ofii keessa jiraatuuttis vaayirasichi suuta suutaan babal'achuu isaa yaadachuun, "muuxannoo biyyoota biraa irraa akka arginutti torban tokkoof dagachuun gatii guddaa nama baasisa'' jedheera. Dhukkubni kun hawaasa keessa waan seenee jiruuf lakkoofsi kana caalaa dabalaa akka deemu kan ibsu Dr. Ababaayyoon, namoonni dhibeen kun irra jiru osoo hin beekamiin namoota birootti waan dabarsaniif daran dabaluun hammaachuu danda'a jedhee yaaddoo qabu ibsa. Kanaaf, "lakkoofsa jalqabarra xiqqaa turee, amma ammoo dabalaa dhufuun isaa, asiin achi kanarra dabalaa akka deemu waan akeekuuf tarkaanfiiwwan barbaachisan ammuma fudhatamuu qabu" jechuun gorsa. Obbo Hayileenis lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa deemuu isaa shakkii hin qabu jedhu. Keessumaa Finfinneetti sochiiwwan hawaasaa waliigalaa torbanoota darban keessa mul'ataa tureen lakkoofsi namoota dhibeen kun irratti argamu dabalaa deemuun isaa kan hin olleedha jedhan. "Yeroo dhiyoo keessattis ni hir'ata tilmaama jedhus hin qabu." Namoota 582 koronaavaayirasiin irratti argame keessaa 377 kan ta'an jiraattota magaalaa Finfinnee ta'uu isaanii himuun, keessattuu kutaawwan bulchiinsa Lidataafi Addis Katamaatti tatamsa'inni dhibee kanaa bakkeewwan biroorra hammaataa akka ta'e aanga'oonni ibsaa turan. Akka Obbo Hayileen jedhanitti, kutaawwan bulchiinsa magaalaa Finfinnee kanneen keessatti vaayirasichi baayyinaan kan argame, sababii namoonni vaayirasichaan qabaman naannoo sanaatti argamaniif xiyyeeffannoodhaan naannoo sana keessatti qorannoon waan taasifamaa jiruufidha. Kana jechuun ammoo kutaawwan magaalaa Finfinnee biroon bilisa jechuu miti kan jedhan Obbo Hayileen, bakki itti qoratan bal'ataa yeroo deemutti lakkoofsi wal fakkaatu ykn kan caalaa hammaatu argamuu danda'a jechuun yaaddoo qaban dubbatu. Mootummaan maal gochaa jira? Mootummaan magaalaa Finfinnee gama isaatiin bakkeewwan weerarri koronaavaayirasii caalaa keessatti hammaataadha jedhame kanneeniitti tarkaanfiiwwan tatamsa'ina isaa to'achuuf dandeessisan fudhachuuf akka karoorfate dubbataa jira. Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaas bu'aawwaan qorannoo vaayirasichi tatamsa'aa jiraachuu isaa agarsiisaa akka jiru eeruun, sochii daangessuudhaan hojiin adda baasuu hojjetamaa akka jiru ibsuu miidiyaan biyya keessaa gabaasaniiru. Akka Dr. Liyaan jedhanitti, magaalaa Finfinneen alattis osoo seenaa imala biyya alaa hin qabaatiiniifi nama dhibee kana qabu waliin hariiroo osoo hin qabaatiin lakkoofsi namoota Covid-19 irratti argamuu dabalaa jira. Weerara kana akka caalaa hin tatamsaaneef kutaa bulchiinsaa caalaa itti hammaateera jedhaman kana addatti sochii dhorkuudhaan to'achuuf yaaluun hin baasu jedha Dr. Ababaayyoon. "Magaalaa Finfinneettis ta'e kutaa biyyattii biroo keessattis bakka adda baasuu osoo hin barbaachisiin tarkaanfiiwwan weerara kana ittisuudhaaf barbaachisan hatattamaan fudhachuutu wayya," jedha. Tarkaanfiin sochii dhorkuu rakkoo biraa kan qabu ta'ulleen, "lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii dabalaa yoo kan deemu ta'e warreen kaan eeguudhaaf sochii dhorkuufi tarkaanfiiwwan biro ciccimoo fudhachuu barbaachisa," jechuun gorsa Dr. Ababaayyoon. "Akka amma mul'achaa jiruun lakkoofsi namoota qabamanii dabaluurraa duubatti waan deebiyu hin fakkaatu. Kanaaf, mootummaan tarkaanfiiwwan of-eegannoo dabalataa ni fudhata jedheen eega," jedhu Obbo Hayileen. Dhukkubichi gara kutaa magaalaa Finfinneefi naannolee baadiyyaatti akka hin tatamsaaneefis tarkaanfii cimaa fudhachuun barbaachisaadha kan jedhan Obbo Hayileen, "tarkaanfii sochii dhorkuu ilaalchisee tatamsa'ina dhukkubichaa hordofuuniifi qorannoorratti hundaa'uudhaan ta'uu qaba," jedhan. "Gara filannoo biraa hin argannetti deemaa jirra. Ganda gandatti garee sakatta'an bobbaasuun guyyaa guyyaan rakkoo fayyaa jiru sassaabuudhaan odeeffannoo jiru hordofuudhaan tarkaanfii barbaachisu fudhachuun dirqama." Akka Dr. Ababaayyoon jedhanittis, dhukkuba kana to'achuudhaaf tarkaanfiiwwan of-eegannoo gama hundaan jalqabarratti fudhatamaa turan ammallee jajjabeeffamanii bal'inaan hojiirra oolfamuu akka qabanidha. "Namni hunduu jeeqamuu osoo hin taane, of-eegannoo taasisuurratti fuulleffachuun ofii isaaniifi namoota naannoo isaanii jiran dhukkuba kanarraa eeguun irra jiraata. Tarkaanfiiwwan of-eegannoof fudhataman baasii hin gaafanne fudhachuudhaan yaaddoo dhukkuba kanaa hir'isuun ni danda'ama," jedha Dr. Ababaayyoon. "Carraan dhukkuba kana to'achuu itti dandeenyu nu harkaa ba'aa jira," kan jedhan Obbo Hayileen "ammallee tatamsa'ina dhukkuba kanaa osoo yeroo hin gubiin hundumtuu kan isarraa eegamu ba'ate dhaabuun ni danda'ama," jedhanii amanu. Kanaaf ammoo tarkaanfiiwwan dhukkuba kana ittisuudhaaf gargaaru jedhaman ogeessota fayyaatiin gorfaman fudhachuu feesisa. Barsiisuudhaanis ta'e karaa seeraatiinis qajeelfamoonni ittisaa jiran akka hojiirra oolan gochuun rakkoo hamaa gara fuula duraatti dhufuu ma;u salphisuu danda'a jedhu Obbo Hayileen.
oduu-47112929
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47112929
Dubartoonni maaliif dhiirota caalaa umrii dheeraa jiraatu?
Guutummaa addunyaatti dubartooti dhiirota caalaa waggaa dheeraa jiraatu.
Umrii dubartooti jiraatan Neepaalittillee kan dhiirotaa ni caala Gabaasni Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bara 2016 bahe jireenyi namaa waggaa dheeraa giddduugalaan ganna 72 jedha. Saalaan yoo gargar baasne garuu kan dubaraa ganna 74fi baatii lama yoo tahu dhiirotaaf ganna 69fi baatii saddeeti dha. Dhiirota caalaa dubartooti guyyaa dhaloota dhibbaffaa isaanii kabajatu Lakkoofsa ummataa bara 2010 adeemsifameen Ameerikaan namoota umuriin isaanii 100 darbe 53,364 qabdi. Kanneen keessaa 9,162 dhiirota yoo tahan 44,202 immoo dubartoota. Maaliif dubartooti giddugalaan dhiira caalaa waggaa dheeraa kan jiraatan? Sababiin addatti isaan fayyade jiraa laata? Mee sababiiwwan ijoo sadii haa ilaallu: 1. Qaccee sanyii Qorannoon du'a namootaa agarsiisu odeeffannoo biyyoota 40 qaba. Kunimmoo odeeffannoo biyyoota kanneen akka Siwidiiniifi Firaans kan baroota 1751fi 1816 dabalata. Odeeffannoon biyyoota Jaappaaniifi Raashiyaa garuu kan baraa gidduugalaa jaarraa 20ffaa qofa dha. Dubartoonni kiromosomii 'X' gosa lama qabu Haa tahu malee, odeeffannoon biyyootaa waggaa waggaan bahu dubartoonnii dhiirota caalaa akka jiraatan agarsiisa. Miciree ''Micireen dhiiraa kan dubaraa caalaa dafee du'a'' jedhu Piroofeesara Deeviid Geems Yunivarsiitii Koolleejjii Landan irraa. Sababiin inni tokko shoora kiroomoozoomiin saala dubartii murteessu tahuu danda'a. Dubartoonni kiroomoozomii XX yoo qabaatan dhiiroti immoo XY qabu. Kiroomozomiin immoo qaccee sanyii baata. X kiroomoozoomiin qaccee sanyii waggaa dheeraa akka jiraattu godhu of keessaa qabu. Simbbirrowwan kormaa kiroomoozomii X lama qabu ''Dubaraa taatee kiroomoozomii X kee irratti rakkoo yoo qabaatte bakka buusuu dandeessa, dhiira yoo taate garuu waan bakka buufattu hin qabdu,'' jedhu piroofeesar Deeviid Dhiiroti waggaa boodaa irrattii ulfaa'an carraan du'uu isaanii harka 20 hanga 30ti. Dhiiroti guddina qaamaa yeroo ulfaa otoo hin raawwatiin dhalatanis harka 14 tahu. Daa'imman dhiiraa miidhama yeroo da'umsaaf irra caala saaxilamoo dha jedhu Egzitar Yunivarsiitii kan barsiisan Loornaa Haariis. Kan shimbirrootaa yoo ilaalle kormi isaanii koromoozoomi X lama waan qabaniif warra dhalaa caalaa jiraatu. 2. Hormoonii Namooti umurii saalfatttoo irratti sababii hormoonii isaaniif jijjiirama guddinaa ni agarsiisu. Dhiiroti lakkoofsi isaanii hangana hin jedhamne waraana irratti du'u Teestestirooniin qaama dhiiraa kan guddisuufi jabeessu kana malees, sagalee furdisuufi qomni isaanii rifeensa akka qabaatu kan godhu dha. Umurii saalfattoo kanatti yerootti teestestirooniin du'a dhiirotaaf sababa tahu dha. Ogeessotni akka jedhanitti umriin kun yerootti dhiiroti wal'aansoo qabatan, bishkiliitiifi konkolaataa saffisaan oofuuitti barbaadani dha. Of ajjessuus akkasuma. Waggootii muraasa dura saayintistiin Kooriyaa Haan-Naam Paark galmee dhaddachaa mootummaa Koosan kan jaarraa 19ffaa xiinxalee ture. Dhiirota cidhaan isaani umrii saalfattoo dura irraa murame fudhachuun xiinxale. Kanaanis, kunneen cidhaan irraa kutame waggaa 70 jiraachuu mirkaneeesseera - warri kaan garuu waggaa 50 jiraatan. Inumaayyuu warra cidhaan irraa muramee keessaa sadii waggaa 100 gahaniiru. Qorannoowwan biroo hundi argannoowwan akkasii agarsiisuu haa baataniyyuu malee, dimshaashatti bineensota dabalatee namooti cidhaan hin qabne waggaa dheeraa jiraatu. Hormooniin dubaraa ostiroojin jedhamu akka farra-summiitti ilaalama kana jechuun keemikaalota dhiphina namatti fidan ni haaxaa'a jechuu dha. Hormooniin dubartii Ostiroojiniin kolistiroolii balleessuu keessatti shoora waan qabuuf dhukkuba onnee irraa ittisa. Ostiroojiniin gama kolistiroolii balleessuu keessatti shoora waan qabuuf dhukkuba onnee ittisuutiin gargaarsa qaba. 3. Hojii fi amala Lafa lolli jiru umriin dhiiraa gad adeema. Haa tahu malee, lafa eegumsi fayyaa gaariin hin jirre dubartooti baayyee da'umsarratti du'u. Dhimmooti kanneen akka dhugaatii, xuuxuu fi akka malee soorachuun garaagarummaan guddaa umrii saala lameen gidduu jiru gar tokkeen agarsiisuu malu. Fakkeenyaaf, dhiiroti Raashiyaa sababii dhugaatiin waggaa 13 dubartoota dursanii du'u. Umriin dheeraa garuu fayyaa-maleessa Dubartootni umrii dheeraa haa jiraataniyyuu malee keessattuu dulluma keessaa baayyee dhukkubsatu. Dubartooti dhiirota caalaa hakiima bira deemu Biyyoota garaagaraa keessatti dubartoonnii umrii 16-60 jiran dhiirota umrii wal-fakkaata qaban caalaa wal'aansa deemu. Isteevin N. Ostaadifi Kaatliin E. Fishar Yunivarsiitii Alaabaamaarraa, keewwata barruu fayyaa irratti maxxansiisaniin akkas jedhaniiru, ''ummata Dhihaa keessatti dubartootni dhiira caalaa hakiima bira deemu, qoricha irra fudhatu, sababii fayyaatiin hojiirraa hafu, guyyaa baayyees hojiirraa hafu. Akkasumas ''biyyoota kanneen akka Baangilaadesh, Chaayinaa, Masrii, Guwaatemaalaa, Indiyaa, Indooneeziyaa, Jamaayikaa, Maalezhiyaa, Meeksikoo, Filiippiins, Taayilaandiifi Tunisiyaa dubaroonni umrii dullumaa irratti qaamni isaanii hin ajajamuufi waan taheef ni rakkatu jedha. Qaawwichi duudaa jira Qorannoowwan dhiyeenya bahan garaagarumman saalaa hanga umrii namni tokko jiraatuu yeroo dhihootti ni bada jedha. Garaagarummaa umrii jireenyaa kuni bara 2030tti sadarakaa baduurra gaha Qorannoon Koolleejii Impeeriyaal Landanii bahe bara 2030tti garaagarummaan umrii kanaa waggaa tokkoofi baatii sagal qofa taha jedha. Akka Waajjirri Istaatiksii Biyyaaleessaa UKtti daa'imni dhiiraa har'a dhalatu waggaa 79 jiraachuu yoo danda'u, dubarri immoo waggaa 82fi baatii sagal jiraachuu dandeessi. Qorannoo biraan Piroofeesara Istaatistiksiin Mana Barumsaa Biiznasii, Lees Maayhiiwin hojjetame baaxiin umrii jireenyaa dhiiraafi dubaraa 2032tti wal kipha jedha. ''Waliigalaan, tamboo xuuxuufi dhugaatii hir'isuun dhiirota dubartoota caalaa dhugaafi xuuxaa turan fayyadeera.'' ''Gama dhukkuba onnee, dhiirota baayyee ajjeesu hir'isuutiin hojiin hojjatameera,'' jechuunis hima. Biyyoota balaan konkolaataa hir'isaa jiru keessattis dhiiroti umriii dabalataa ni argatu.
oduu-51922867
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51922867
Biyyootni Afrikaa tamsa'ina Koronaa ittisuuf maal godhan?
Afrikaa keessatti hanga ammaa biyyoonni 27 Koronaavaayirasiin isaan mudachuu mirkaneessaniiru.
Biyyootni Afrikaa tamsa'ina Koronaa ittisuuf maal godhan Beniin, Laayibeeriyaa, Somaaliyaa fi Tanzaaniyaan biyyoota haaraa dhiyeenya dhukkubuchi isaaniittis galuu mirkaneessaniidha. Walumaagalatti Afrikaa keessatti namootni 400 ta'an dhibee Kanaan qabamanii yaala argachaa kan jiran yoo ta'u, kanneen keessaa 7 du'anii, 42 kan ta'an bayyanachuu isaanii Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa beeksiseera. Namootni Afrikaa keessatti dhibee Kanaan qabaman hedduun isaanii kanneen biyyoota Awarooppaa fi Ameerikaa Kaabaarraa as imalaniidha. Tamsa'ina dhibee kanaa to'achuuf biyyoonni Afrikaa kun gariin imala biyyoota dhibeen kun itti mul'ateerraa gara isaaniitti godhamu dhorkuu fi daangaa isaaniis cuccufaa jiru. Bakka namootni baayyatanii itti walgahaniis kanneen akka sochiilee Ispoortii, manneen, barnootaa fi kaan dhorkaa jiru. Ithoophiyaa- Barnootni sadarkaa tokkoffaa fi lammaaffaa cufuu, walitti qabama hawaasaa fi sochiilee ispoortii waloo dhorkiteetti Gaanaa- walitti qabama hawaasaa fi imala biyyoota Vaayirasichi itti mul'ate 200 ol ta'an dhorkuu Tuniziyaa - daangaa biyyattii hunda cufuufi sagada Masjiidatti godhamu dhorkuu Aljeeriyaa- Imala gara biyyoota Awrooppiittii achiis gara biyyattiitti godhamu dhorkuu Mozaambiik- walitti qabama namoota 300 olii dhorkuu Morookoo fi Jibuutii- Balalii idila addunyaa hunda dhorkuu
oduu-56798619
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56798619
NASAn helikooptara xiqqaa Maarsirra balaliisisuun milkaa'e
Ejensiin hawaa Ameerikaa NASAn helikooptara xiqqaa Maars irra balaliisisuun milkaa'e.
NASAn helekooptara xiqqaa Maars irra balaliisisuun milkaa'e Xiyyaarri nam-maleessi [helikooptarri] Ingenuity jedhamte kun daqiiqaa tokkoo gadiif qilleensarra akkasumaan humanaafi to'annaa malee turte garuu NASAn yeroo jalqabaatiif humna itti gochuun to'annoo isaatiin gara addunyaa biraatti ishee balalliisisuu danda'eera. Akka xiyyaarri kun Maars irra balali'uu dandeesse mirkaneeffannoon kan dhufe ammoo karaa saatelaayitii Maars irra karaa sirna elektirikaan ragaa gara Dacheetti erguun ture. Ejensiin kun balaliisisuu xiyyaara biroo ajaa'iboo biroo guyyoota itti aanan erguuf akka jirullee waadaa galeera. Helikooptarittiin kun yeroo injiinaroonni tekinooloojiin kun hangam akka gahu baruudhaaf akka ol fagaatee balali'u ajajamuuf jirtu. "Nuti amma dhalli namaa helikooptara gara pilaaneta biraatti erguu danda'eera," jedha manaajera pirojektii kanaa kan ta'e MiMi Aung gammachuu guddaadhaan. Aabba MiMi Aung Pasaadeenaatti Nasa Jet Propulsion Laboratory keessatti manaajara pirojektii Ingenuity kanaati. "Nuti waa'ee yeroon Wright Brothers keenyaa Maars irratti milkeessuu ilaalchisee yeroo dheeraatiif dubbachaa turreerra. Inni amma kunooti [milkaa'eera]." Wright Brothers obbolaa lamaan xiyyaara hojjechuun seenaa keessatti beekamanidha. Helikooptariin Maars Ingenuity jedhamtu kun yeroo bakka itti ergamterra balaliitu meetira sadii ol kaatee akkuma jirtuun baalleen ishee erga nanna'een booda yeroo lafa qabattu agarsiisa ergaan achii ergame. Xiyaara Pilaanetii Diimtuu klanarra geessuun hojii salphaa miti. Atimoosfariin isaa baayisee qallaadha, kun ammoo %1 densiitii Dachee asii kanarra jiruudha. Akkas ta'uun atimoosferii ammoo baallee/kaattuun xiyyaarattii akka deebiyee ka'uuf xiqqoo qofa gargaara. Kanaaf jecha Ingenuity baayyisee salphaa gochuun kan hojjetamteefi kaattuu ishee akka saffisa gara maleen hafarfattu gochuuf humni kennameefii tolfamte. Baallee/kaattuun helikooptara kanaa daqiiqaa tokko keessatti akka si'a 2,500 marsitu gochuun hojjetamte. Akkamiin helikooptarri Nasa Maars irra balali'uun seenaan hojjetame Milkaa'inni jalqabaa kun akkamitti akka addunyaawwan biroo nurraa fagoo jiran itti abuuruu dandeenyu bu'uurarraa kan jijjiiru ta'uun abdii kan namatti horudha. Gara fuula duraatti dirooniiwwan drasanii ergamuun akka naannawaa daawwachuun astiroonoomeroonni gara Maars deeman gargaaruuf malu ta'a. Nasan amummayyu helikooptara gara saatelaayita guddichaatti Addeessa Saataarn jedhamuutti ergamu qopheesseera. Ergamni maqaa Dragonfly jedhamu moggaafame kun saatelaayita guddichaa Addeessa Saataarn irra walakkeesa 2030moota keessa ergame jedhamee eegama.
oduu-53726286
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53726286
Jawaar fi kaan abbaan seeraa dhimma isaanii ilaalu dhaddacharraa akka ka'u gaafatan
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaatti dhaddachi ramaddii Araadaa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Adaana (Booranaa) dabalatee namoota 14 irratti ragaalee Abbaa Alangaa dhaggeeffachuuf har’atti beellama qabatee turullee sababa iyyata abukaatoowwan shakkamtootaa dhiyeessanin jecha ragaalee hin dhageenye.
Iyyatni barreeffamaa abukaatoowwan shakkamtootaa dhiyeeffatan “abbaan seeraa yeroo ammaa galmicha of harkaa qaban dhimmicha loogiirraa bilisa ta’anii nuf ilaaluu hin danda’an” jedha. BBC'f yaada isaanii kan kennan abukaatoon shakkamtootaa Obbo Kadir Bulloo “abbaan seeraa galmicha qabatanii jiran gaafa Obbo Jawaar Mahaammad mana murtiitti dhiyaatan miira “si argadhe” jedhuun kolfa qoosaa itti kolfan" jedhan. Abbaan seeraa Obbo Dassaaleny Fantaa jedhaman kun dhaddacha irratti yeroo adda addaa mirga dubbachuu shakkamtootaa fi kan abukaatoowwan isaanii daangessaa turuu iyyata abukaatoowwan shakkamtootaa mana murtichaaf dhiyeessan keessatti eeramee jira. Abbaan alangaa galmee qorannoo duraa banee ragaaleen naaf haa dhagaa'aman wayita jedhetti shakkamtoonniifi abukaatonni isaanii garagalchi iyyata abbaa alangaa yeroo gahaa waliin kennameefi yaada mormii akka dhiyyeessan gaaffii gaafatan abbaan seeraa kun kuffisaniiru. Gama kaaniin abbaan alangaa namootni shan golgaa duubaa akka raga bahan wayita gaafatetti wanta kana hayyamuuf haal dureen guutamuun irra jiru kan seera irratti tumame guutamuu osoo hin mirkaneeffatiin hayyamuu qofa osoo hin taane, shakkamtoonniifi abukaatonni isaanii yaada mormii qaban akka hin dhageesifanne dhorkuus iyyata kana keessatti eeramee jira. Kana qofa osoo hin taane abbaan seeraa kun dhaddacha irratti yeroo gara garaa murtii kennuun dura dhaddacha adda kutanii bahanii qaama hin beekamne waliin mari'atanii akka deebi'an eeruun kun bilisummaa abbaa seerichaa shakkii keessa galcheera jedhu abukaatonni. "Abbaan seerichaa bilisa fi haqa qabeessa ta’uu isaanii shakkii keessa kan galchuudha” jedhan Obbo Kadir. Haaluma kanaan abbaan seeraa fedhii isaaniitin dhaddacha dhimmicha ilaalurraa akka of kaasan yoo hin taane ammoo dhimmichi abbaa seeraa biraatin ilaallamee manni murtii abbaa seeraa kana dhaddacharraa akka kaasu murteen akka kennamu gaafataniiru. Abbaan seeraa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namoota 14 qabatanii jiran Obbo Dassaaleny gama isaaniitin “iyyatichi wantoota hin raawwatamne fi raawwatamuu hin dandeenye qabatee jira" jechuun "galmee kanarraa ka’uu hin qabu” jechuun dubbatan. Dhummarattis abbaan seeraa kun dhimmichi mana murtichaaf dhiyaatee akka ilaallamu ajaja kennan. Hanga galmichi qoratamee murteen itti kennamutti shakkamtootni mana hidhaa akka turan fi yeroo gaafatamanitti poolisiin akka dhiyeessu ajajan. Sababa kanaaf jecha beellamni ragaalee abbaa alangaa dhagahuuf har'a Wiixata Hagayya 10'tti qabamee ture yeroo hin beekamnetti darbeera. Gama biraatin manni murtichaa gaafii mirga wabii Obbo Baqqalaa Garbaa dhiyeessanii turan irratti murtee kennuf har’atti beellamee kan ture yemmuu ta’u “yakki Obbo Baqqlaaan ittin shakkaman kan lubbuun namaa itti darbee waan ta’ef” mirgi wabii gaafatan kan hin fudhatamne ta’uu manni murtichaa beeksiseera. Haaluma wal fakkaatun gaafin mirga wabii Obbo Hamzaa Adaana (Booranaa) fi namootni galmee isaanii keessatti argaman biroon 8 dhiyeessanis hin fudhatamne.
oduu-46826132
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46826132
Pirezedaanti Lammaa Magarsaa: Qabsoo ABO buleeyyii taasisan nu biratti galata guddaa qaba
Pirezedaantiiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) buleeyyii waliin har'a mariyataniin 'qabsoo ABO buleeyyii taasisan nu biratti galata guddaa qaba' jedhan.
Akka Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaatti Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa jila hoggansa ABO buleeyyii Obbo Galaasaa Dilbootiin durfamu waliin mari'ataniiru. Pireezidaant Lammaa Magarsaa gara biyya keessa galuu jiilli ABO kana sababeeffachuun baga nagaan dhftanii jechuun marii taasisaniiru. Sirna kanarratti Pireezidaant Lammaa akka jedhanitti qabsoon ABO buleeyyii taasisan nu biratti galata guddaa kan qabuudh. "Jijjiirama dhfeefis hunduu gahee qaba." Jijjiirama dhufee kana ammoo ceesisuuf hundi keenyaa gahee mataa keenya bahuu qabna jedhaniiru. Obbo Galaasaa Dilboon gamasaanitiin kan nuti qabnu muuxannoodha, jijjiram amma dhufee ceesisuuf muuxannoo qabnuun ni hojjenna jedhaniiru. Jiilli ABO Qaama Cee'msaa JObbo Galaasaa Dilbootiin durfamu waamicha mootummaan taasiseef fudhachuun karaa nagaatiin qabsa'uuf tibba kana gara biyya keessatti galuun isaani yaadatama.
44625487
https://www.bbc.com/afaanoromoo/44625487
Hoggantoonni Sudaan Kibbaa 'walii galan'
Pireezidantiin Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir fi hogganaan mormitootaa Riik Machaar marii nagaa Sudaan, Kaartuum keessatti taa'an irratti walii galteerra gahuu gabaafamaa jira.
Marii nagaa Sudaan Kibbaa "Qabxiilee muraasa" irratti waliigalaniiru, qabiyyeen waliigaltichaa ifa ta'a," jechuun Ministirri Haajaa Alaa Sudaan, Al-Dirdirii Mohammad Ahimad dubbataniiru. Mariin kun jaarsummaa pireezidantii Ugaandaa Yuweerii Museveeniifi kan Sudaan Omar Al-bashiriin taa'ame. Lola wal-dhabdee namoota lamaan kanaan bara 2013 biyyitti keessatti ka'een namootni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjefaman, namootni kitilaan lakkaa'aman qe'ee isaani irraa buqqaafamaniiru. Marii amma hoggantoonni lamaan itti jiran kan qindeessaa jiru IGAD. Miidiyaaleen Afriika tokko tokko waliigalteen amma irra gahamee guutummaan guutuutti waraana dhabuu akka ta'e gabaasaa jiru. Torbee darbe waggoota lama booda yeroo jalqabaaf ture hoggantoonni lamaan Finfinneetti kan wal argan.
oduu-47804435
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47804435
Obbo Ahimad Shidee dura taa'aa, Musxafaa Omar itti aanaa Paartii Dimookiraatawaa Soomalee ta'an
Paartiin Dimookiraasawaa Somaale Obbo Ahmad Shidee dura taa'aa gochuun filate.
Obbo Ahimad Shiidee (bitaa) fi Obbo Musxafaa Omar (mirga) Paartiin Dimookiraatawaa Somaale Obbo Ahmad Shidee dura taa'aa akkasumas Obbo Musxafaa Omar dura taa'aa itti aanaa taasise filu FBC'tu gabaase. Qondaaltonni kunneen yaa'ii 10ffaa paartiin kuni taasisaa jiru irratti filaman. Hoggantoonni lamaan pirezidantii duraanii naannoo Somaale Obbo Abdi Mohaammad Omar waggaa darbe baatii Hagayyaa aangoo irraa erga ka'ani booda dura taa'aafi dura taa'aa itti aanaa ta'un filamani turan. Yeroos filannoon isaanii koree giddugalessaa dhaabbichaan raawwate. Yaa'ii gidduu kanaa irratti garuu dhaabni kuni maqaa dhaabichaa Paartii Dimookiraasawaa Somaale Itoophiyaa jedhu irraa gara maqaa amma qabutti jijjiireera. Ministirri Muummee Abiy Jigjigaa kan jiran yoo ta'u yaa'ii kana irratti ergaa ni dabarsu jedhameeti eegama. Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti dhaabichi yaa'ii taasisaa jirun asxaan dhaabichaa akka jijjiramullee murtesseera. Akkasumas dambii ittin bulmaata isaa irratti lammiin Itoophiyaa Afaan Soomale dubbatu danda'u kamuu miseensa dhaabichaa akka ta'u foyyesseera. Yaa'ii guyyaa lamaa har'a xumurama jedhame eegamu irratti miseensonni koree hojii raawwachiiftuufi koree giddu galeessaas filamaniiru. Adeemsa Obbo Musxafaa Pirezidant Abdi Mohaammad booda guyyoota muraasaaf yeroof pirezidantii ta'un naannicha kan bulchan Obbo Ahmed Abdi Mahammad turani. Isaaniinis kan muudan Obbo Abdi Mohaammad turan. Obbo Amhad Obbo Musxafaan miseensa dhaabicha osoo hin ta'in yeroos filamu dubbatani turan. Sababni isaas, ''dhaabichi akka hin diigamne baraaruufi'' jechuun kallattiin fesbuukii irratti yeroo sergaa dabarsaniin himani turan. Yeroos, maqaan dhaabichaa Paartii Dimookiraasawaa Somaale Itoophiyaa jedhama ture. Kana jechuun filannoo yaa'ii har'aan Obbo Musxafaan miseensa Koree Hojii Raawwaciiftuufi Koree Giddu galeessaa Paartii Dimookiraatawaa Soomale ta'aniiru. Obbo Musxafaan gara aangootti erga dhufani booda waldhabdeen gama daangaa Oromiyaan tureefi lammiilee hedduu galaafate akkasumas miiliyoonatti siqu buqqise tasgabbaa'eera. Rakkoon gama Mooyyale dhalataa ture keessas harka hedduutu keessa jira jedhani BBC'tti dubbatani turani. MM Abiy Jigjigaatti maal dubbatan? MM Abiy naannoon Soomale yeroo duraaf hayyuuleen hogganame jedhaniiru MM Abiy Ahimad har'a waaree boooda Jigjigaa dhaquun ergaa dabarsaniin yeroo duraaf hayyuuleen naannicha akka bulchan ta'u isaa jalqabbii gaarii ta'u himaniiru. Waajjirri MM akka ibsetti, xumura yaa'ii 10ffaa paartii Dimookiraatawaa Somaale irratti kan argaman yoo ta'u ammaan achi hojiin hoggantootaafi ummata nbaannichaa misooma dabalatee kanneen kontirobaandii hojjetan irratti hojjechuu akka ta'e dhaamaniiru. Hoggantoonni Somaaliyaafi Somaalilaand akka walitti dhufani hojjetan bara darbe jaarroleen Soomale gaafatanin walitti dhufani hojjechuuf wali galu isaanii himaniiru. Bara darbe rakkoon nageenyaa Oromiyaafi Somaalee giddu ture amma furamu isaa kan yaadachiisan MM Abiy, akkuma aangoo qabataniin jalqaba gara Jigjigaa imaluun isaanii ni yaadatama. Ergasiis naannoo Soomale keessatti nagaan bu'u, Addi Bilisa Baasaa Ogaaden biyyatti deebi'u akkasumas kanneen hidhaa turan hiikamun isaanii biyyaafis abdii ta'u dubbataniiru.
oduu-43695363
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43695363
Hoggantoota Afriikaa mana murtiitti dhihaatan
Preezidaantiin Afriikaa Kibbaa duraanii Jaakoob Zuumaa malaamaltummaa fi himata biroon dhiyeenya kana mana murtiitti dhihaatanii turan.
Haaluma walfaakaatuunis Prezidaantiin Biraaziil duraanii Luulaa Da Siilvaas, himata malaammaltummaa irratti dhihaateen poolisitti harka kennaniiru. Yeroo ammaa hoggantoonni Afriikaa biyyoota addaa addaatti himanni irratti banamuun gara mana murtiitti dhihaachaa jiru. Pirezidaantii Faransaay duraanii Nikoolaas Saarkooziis fakkeenya fudhachuun ni danda'ama. Biyyoota Afriikaa addaa addaa bulchaa kan turaniifi hanga yoonaatti himanni irratti banamuun ALA'tti kan itti murtaa'ee warra armaan gadii maqaa dhahuun ni danda'ama.
oduu-44409267
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44409267
UN warra nama godaansisan adabuuf
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa, Liibiyaa keessatti warreen karaa seeraan alaa namoota godaansisu jedhaman ja'a irra qoqqobbii kaa'era. Godaansistoonni seeraan alaa qoqqobbii akka addunyaatti jirurratti tarreeffamuun kun isa jalqabaati.
Godaantonni Afirkaa karaa Liibiyaa galaana Mediteraaniyaarraan gara Awurooppaa ce'uuf yaalaan rakkaa hamaaf saaxilamu Namoonni adda ba'anii galmee yakkaa kana keessatti heeraman ogganaa garee eegumsa qarqara galaanaa dabalatee lammileen Liibiyaa afuriifi lammileen Ertiraa lama keessatti argamu. Godaansistoonni seeraan alaa kun tasgabbii Liibiyaa keessatti dhabame akka carraatti fayyadamuun namoota kum dhibbaatamaan lakkaa'aman galaanarraan gara Awurooppaatti godaansisaniiru. Godaantonni baayyeenis buufata gara garaa keessatii hidhmaniiru/ugguramaniiru, akkasumas godaansistoota seeraan alaa kanaan hedduu reebamaniiru. Qoqqobbiiwwan kunneen - sadarkaa addunyaatti bakka bakkatti imaluufi qabeenya akka hin sochoofne dhowwudha. Kunis tarkaanfii akka addunyaatti Daachiin deggeramudha. Yaadni tarkaanfii kana fudhachuu jalqaba Caamsaa 1 dhiyaatee garuu Raashiyaadhaan ragaa namoota kanaa walitti qabachuun qorachuu waan barbaadduuf akka turu taasifamee ture. Tarkaanfiin qoqqobbii kaa'uu kun akka fudhatamuuf ka'umsa kan ta'e gabaasa dhabbanni oduu CNN osoo godaantonni Afirkaa hedduun Liibiyaa keessatta dararamaniifi akka garbaatti gurguramanii dhuma bara 2017 waraabaa gadii lakkise ture. "Dhuma bara darbee yeroo godaantonni Liibiyaa keessatti garbummaan gurguraman arginee hedduu rifanne. Manni Maree nageenyaas tarkaanfii akka fudhatu dhaadatee ture, " jechuun ibsaan Niikii Haaley Ambaasaddarri Ameerikaa UN keessatti. "Qoqqobbiin guyyaa arr'aa kun namoota addnuyaa kanarra jiran hunduu akka tokko ta'uudhaan yakkamtoota akkasiifi warreen seeraan ala nama godaansisan itti gaafatamoo taasisan gochuuf ergaa cimaa dabarsa. Addunyaa keenya kanarratti yakka mirga dhala namaa akkasii kanaaf bakki hin jiru," jetti Ambaadarittiin. Namoota qoqqobbiin irra kaa'ame ja'an keessaa Ermiyaas Girmaay kana jedhamu nama UN'niin sadarkaa Saab-Sahaaraa Afirikaa keessaatti namoota karaa Liibiyaa seeraan ala godaansisuun ga'ee guddaa qaban keessaa isa tokkodha. Namoonni biroon shanan Fitiwii Abdelraazaaq nama Ertiraa ta'e, Gaggeessaa milishaa Liibiyaa Ahmad Umar al-Dabbashii, Musaab Abuu-Qariin, Lixa Liibiyaatti Ogganaa Riqicha Shuhadaa al Naasr kan Zaawiyyaa keessatti argamuu kan ta'an Mohaammed Kachlaaf fi Dursaa Eegumsa Qarqara Galaana Liibiyaa kan ta'an Abd al Rahman al-Milad. Godaantota Afirikaarraa gara Awurooppaatti ce'uu barbaadaniif Liibiyaan ulaa baayyee filatamaa ta'aa dhufeera. Biyyattiin erga mootiiin abbaa hirree Maammur Gadaafii aangoorraa fonqolchamanii boooda aad-malummaa/seera-malummaaan baayyateera. Mudde darbe Gamtaan Afirikaa godaantonni 400,000 hanga 700,000'tti tilmaamaman kaampiiwwan Liibiyaa keessa bakka gara garaa jiran keessaa haala baayyee hamaa ta'e keessa jiru. Dhaabbanni Godaantota Addunyaa (IOM) bara darbe keessa karaa Liibiyaa galaana Mediteraaniyaanii qaxxaamuranii Awurooppaa ce'uudhaaf yaalaa kan turan keessaa 3,100 ta'an lubbuun darbe galmeesseera.
oduu-50499601
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50499601
Google beeksiisawwan siyaasaa dhorkuuf
Dhaabbanni Google duulawwan qabiyyee siyaasaa qaban addunyaa guutuutti nan dhorka jedhe.
Dhorkaan kunis duula na filadhaa tibba filannootti karaa Youtube fi Google tiin akka filatamaniif taasifamu akka fayyadamu hin dandeenye kan taasisuudha jedhameera. Haata'u malee, ammas qaamooleen duula na filadhaa gaggeessan Google fayyadamuun umurii, saalaa fi eddoo barbaaduun argachuu ni danda'u. Dhorkaan Google addunyaa gutuutti hojjiirra olchuuf karoorfate kunis torban tokko keessatti UK keessatti hojiirra erga olee booda gara biyyoota birraatti akka darbu himammeera. Akkasumas, beeksisa siyaasaa qofa osoo hin taane, dhaabbatichi beeksiisawwan odeeffannoo burjjaajjeessoo ta'an qaban kan biraa irrattis tarkaanfii walfakkaatu akka fudhatu himeera google. Tarkaanffiin kunis google dorgomtoota siyaasaa ykn qabiyyee beeksiisiwwan na filadhaa akka sakatta'u kan beeksiise Feesbuuk waliin walitti bu'iinsa keessa galcha jedhamee sodaatameera. Bulchaan damee google Iskot Isipensar marii bal'aan damee dimokraasii ball'aa waan ta'eef eenyumtuu akka barbaaduutti yaada siyaasaa isaa, yaada faallaa kennuu akkasumas ogganuufi to'achuu hinbarbaachisu jedhu. ''Beeksisiiwwan siyaasaa tarkaanfii irratti fudhanu lakkoofsaan muraata ta'u illeen kana raawwachu hin ittuma fufiina'' jedhaniiru.
oduu-54717302
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54717302
Dursaan garee saal-qunnamtii Nxivm hidhaan ganna 120 itti murtaa'e
Ameerikaatti dursaan garee sal-qunnamtii adabbiin hidhaa waggaa 120 itti murame.
Hundeessaan garee Nxivm jedhamu Keeyit Raaniyere bara dabre keessa ture waliin dhahuu, daddabarsa saal-qunnamtii, poornoogiraafii daa'immanii qabachuuniifi yakkoota kaaniin balleessaa raawwateera kan jedhame. Dursaa garee haala amantii qabu (cult) kanaa tahuusaatiin, dubartoota garba gochuun, akkasumas isa waliin qunnamtii akka godhaniif dirqisiisa ture. Abbootiin alangaa waan jedhan, namni ganna 60 kun umuriisaa guutuu mana hidhaatti dabarsuu qaba. Miidhamtoota irratti ''miidhaa hagana hin jedhamne'' raawwateera jedhan. Abbaan murtii Nikoolaas Garawufis hidhaa alatti nama kana qarshii dolaara miiliyoona 1.75 tahuun adabaniiru - dhaddachi guyyaa Kibxataa Biruukliinitti ooleen. Wayita dhimmichi bara dabre ilaalamutti Raaniyere, dhaddacha fuldura dhaabbatee jechasaa kennaa hin turre. Hooggantoota garee Nxivm keessaa isa qofatu, waliigaluu didee dhaddacha dhiyaate. Warri kaan balleessaa amananii abbaa alangaa waliin waliigalaniiru. Abukaatonni nama kanaa, haga xumuraatti balleessaa hinqabu jechuun kan mormaa turan wayita tahu, ''duula miidiyaa irratti gaggeeffameen, ragaa baatonni akka sobaa ragaa bahan taasiseera,'' jedhan. Angawoonni Ameerikaa dhaaba Nxivm kana kan qorachuu eegalan bara 2017 keessa ture. Kunis erga gabaasa qorannoo New York Times hojjete boodadha. Albaanii, Niiw Yoorkitti kan bu'uureeffateefi ALA bara 1998tti kan hundeeffame gareen kun ''hawaasa qajeelfamoota namoomaan hoogganamuu fi namoota angoomsuu,'' jechuun of ibsa. Kana malees dhaabni kun ''addunyaa gaarii taate ijaaruuf hojjenna,'' jedha. Namoota 16,000 ol tahan waliin biyyoota US, Kaanadaa, Meeksikoo fi giddugala Ameerikaatti akka hojjetus ni ibsa. Garuu haqni lafarra jiru waan mul'ise, Raayinere aangoo qabachuun, miseensota dubartoota tahan sirna garbaafi gooftaatiin to'achaa ture. Dubartootni tokko tokko qubee jalqabaa maqaa Raayineren, naannoo qaama saalaa isaaniirra mallattoon chaappeeffamaa ture. Wayita sirna kana godhanis, viidiyoo ni waraabu turan. Miseensonnis waggaa waggaan walitti qabamuun guyyaa dhalootaasaaf baasii baasuun kabaju turan - kabajni kunis "Vanguard Week" jedhamuun beekama. Miseensi duraanii tokko akka ragaa baatetti, umuriinshee ganna 18 tahuun dura ''qopheessaa'' akka turan dubbatti. Raayinere durbummaa ishee akka fudhatuf torban muraasaaf ''na qopheessaa'' turan jetti. Dubartiin Daaniyellaa jedhamtu kun dhaddachatti akka dubbattetti, namni kun isheefi obboleettii ishee ulfeessuun, akka ulfa baasan dirqisiiseera. Dabalataanis obboleettii ishee umuriin hin geenye waliin, irra deddeebiin dirqisiisee qunnamtii waliin akka godhe dubbatte. Miseensonni garee kanaa aktaroota dubartoota Holiiwuud, dubartoota ijoolee abbaa qabeenyaa tahan, akkasumas mucaan pireezidantii Meeksikoo duraaniillee keessatti ni argamu jedhama. Kannneen keessaa muraasni mana murtii fuulduratti Raayinere irratti ragaa bahaniiru. Erga gabaasni New York Times bahe booda, namni kun ALA 2018tti gara Meeksikoo erga baqatee booda qondaaltota FBIn qabameera.
oduu-56514758
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56514758
Keeniyaan buufata baqattootaa Dadaab fi Kaakumaa cufuuf ajajje, baqattoonni yaaddoo himatu
Keeniyaan buufata baqattootaa gurguddaa biyyattii keessatti argaman cufuuf ajaja dabarsite.
Buufata baqattootaa Dadaab Keeniyaa argamu Mootummaan Keeniyaa akka ibsetti Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii guyyoota 14 keessatti baqattoota lafa geessu akka ibsu gaafateera. Biyyattiin buufanni baqattootaa akka cufamu yoo dubbattu kan duraa miti, ta'us baqattoonni yaaddoo isaanii BBC'tti himaniiru. Akka ragaan Komishinii Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hanga Guraandhala walitti qabame agarsiisutti, yeroo ammaa baqattoonni Itoophiyaa 29,718 Keeniyaa keessa jiru. Buufanni baqattootaa mootummaan Keeniyaa cufuuf jedhu Dadaab fi Kaakumaa kan jedhaman yoo ta'u, kanneen keessattis lammiileen Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa bal'inaan keessatti argamu. Lammiileen Itoophiyaas gara caalu buufata baqattootaa Kaakumaa keessa ni argamu. Keeniyaan buufata baqattootaa kana cufuuf yoo jettu kuni kan jalqabaa miti. Haa ta'u malee, guyyaa har'aa Ministeerri Dhimma Keessaa biyyattii Fireed Maatiyaangi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti akka himanitti, murtee kanarratti wanti wal-mari'atan hin jirtu jedhan. Akka gabaafametti taanaan Maatiyaangiin haleellaa shororkeessummaa buufatawwan kana keessaa ka'u akka sababaatti kaasan. Dabalataan walitti dhufeenya Keeniyaafi Somaaliyaa dhihoo hammaataa dhufes akka fakkeenyaatti kaasan. Yeroo ammaa baqattoota 500,000 Keeniyaa keessa argaman keessaa walakkaa ol kan ta'an Somaaliyaa irraa dhufan. Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishiniin Olaanaa Baqattootaa garuu yeroon kenname xiqqaa ta'uu hima. Dabalataan, murteen mootummaa Keeniyaa nageenya baqattoota biyyattii keessa jiranirratti dhiibbaa akka qabuufi weerarri Covid-19 yaaddoo ta'uu ibse. Ta'us, qondaaltota Keeniyaa waliin akka mari'atu beeksiseera. Yaaddoo baqattootaa Kaampii baqattoota Dadaabitti dura taa'aa hawaasa Oromoo ta'uu kan ibsu dargaggoon maqaa naaf dhoksaa jedhe, Keeniyaan kana dura si'a sadii hin cufna jette cufuu dhabuu hima. Ammallee akkas ta'uu hin ooluu jedha. Ta'ullee dubbi mootummaa waan ta'ef, ummatni sodaa qaba jechuun BBC'f hime. Obbo Mohaaammad Abdullaahi immoo waggoota 27 dura Keeniyaa buufata baqatttootaa Dadaabitti Itoophiyaa irraa baqatan. Yeroo ammaas maatii torba qabu. Obbo Mohaammad kanneen Dadaabirraa Kaakumaatti geeffaman keessaa tokko akka ta'an BBC'tti himaniiru. Akka isaanitti murtee Keeniyaa tibbanaa waan ta'u miti jedhanii yaadanis baqattoonni isaan dabalatee yaadda'uu himu. ''Miirri hamaa. Maal taanaa jedha ummati mara dhaabate,'' jechuun lammiileen Sudaan, Itoophiyaa, Ugaandaa, Burundiillee yaadda'u himu. Osoomallee biyyattii deebi'a jedhamanii dur bahuu isaaniifi kaanin akka yaaddoo qaban BBC'tti himan. Buufata baqattootaa Dadaabitti yeroo ammaa baqattoonni 218,000 argamu. Kanneen keessaa hedduun lammiilee Somaaliyaati. Buufata baqattootaa Kaakumaatti ammoo baqattoonni 200,000 argamu. Asittimmoo heddumminaan kan argaman kan Sudaan Kibbaarraa baqatanidha.
oduu-45781773
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45781773
Gaazexeessaa Imbaasii biyyasaa keessatti ajjeefame
Jamaal kibxata darbe Tuurkii, Istaanbulitti kan argamu qonsiilaa saawudiitti beellama qaba ture. Dhimmoota gaa'ilaan haadha warraa isaa duraan walhiikee cufuuf haadha warraa isaa dhiheenyaa kan lammii Tuurkii waliin gara imbaasiitti imale. Haadha warraa isaa tanaanis ''mooraa imbaasichatin alatti na eegi nan dhufa'' jedheen. Achumaan osoo hin deebi'in hafe.
Shakkiin jalqabarra ture sawudiitu ukkaamsitee gara biyyaatti deebiste kan jedhu ture. Odeeffannoon dhiheenya bahaa jiran garuu achuma qonsiilaa sawudii keessatti iccitiidhaan akka ajjeefame kan agarsiisudha. Irreecha Birraa kutaa addunyaa gara garaatti Lammiin Sawudii Jamaal Kashugiin ammaan dura maatii mootota biyyattiif gorsaa ta'uun tajaajilaa nama turedha. Gara boodarra garuu gaaffiwwan mirgaa gaafachuu jalqabuu isaatin ija hamaan ilaalamuu eegale. Haalichi hammaachaa dhufuu isaatinis booda gara Tuurkiitti baqate. Achi taa'unis sirna bulchiinsaa Saawudii qeeqaa ture. Angaa'onni Tarkii Dhimma ajjeechaa isaa irratti yaada kennuun hariiroo Saawudii waliin qaban gufachiisa jedhanii sodaachuun callisaa turanis kaleessa garuu dhimmicha ifoomsaniiru. Jamaal Qonsiilicha keessatti ajjeefame jechuunis BBC'tti himan. Sawudiin garuu,''Lammii kiyya barbaadaan jiraati baarbaaduu na gargaaraa'' jechuun ibsa qoosaa fakkaatu baasteerti. Fifinnee: Magaalaa waan hundan ukkaamamtuu Jamaal Kaashugii barreessaa beekamaa yoo ta'u,Waashington Post irrattis maxxansaalee baasun maqaa gaarii qaba. Isa waliin gara qonsiilaa Saawudii deemtee kan turte haati warraa isaa ''akka carraa yoon deebi'uu dhabe lakkoofsa kanaan nama gargaaraa Ressip Teyyib Erdogan ta'eef bilbilii himi'' jedheenii akka ture ibsite.
oduu-43511620
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43511620
Ispoortii Addunyaa: Suuraalee torbee kana jaalataman 10
Suurota Ispoortii torbee kan addunyaarratti kaafaman keessaa adda ta'uun filataman
Wichiitaa, Amerikaa, Sadaasa 17: Garee kubbaa kaachoo Kolleejjii Michigaan wayita galchii abbaa qabxii 3 Joordaan Puule'n galcheen morkattoota isaanii galchii 64-63 injifatan miira gammachuu ture mul'isa. Piyoongichaan Kooriyaa Kibbaa, Sadaasa 18: Sangantaa cufiinsa Olompiikaa Gannaa Kooriyaa Kibbaa Istaadiyoomii Piyoongichaangitti, suuraa wayita Faajjii baattotni biyyoota addunyaa faajjii biyya isaanii qabatanii deeman. Anistaad Noorwaay, Sadaasa 11: Lammiin biyya Indiyaa Leelaa Kirishnaan Geengoo Arkitik keessatti shaakala cabbiirra sigaagaachuu erga xumuree booda wayita cabbii dinqisiifatu. Leesester, Inglaand Sadaasa 18: Peedroon tapha Cheelsii waliin taphatan irratti erga goolii galcheen booda gammachuusaa faajjii Koornaa dhiituun wayita ibsu. Areesh Bufoor, Fraans Sadaasa 14: Dorgommii Tuur de fraans cabbiirra sigigaachuu Piyeera Mentaa naannoo bufoor. Yunaatid Isteets, Kaalifoorniyaa, Sadaasa 18: Hu'aan Maartiin del Potroo Rogeer Federeriin yoo injifatu. Yunaaytid Arab Emireet, Dubaay Sadaasa 16: Namoonni lama waldhaansoo tapha aadaa paakistaan irratti yoo hirmaatan suura agarsiisu. Taphni kun Dangal ykn Kushtii jedhamuun beekama.Taphni kun tapha daqiiqaa 15 ti. Jaapaan, Fijii Sadaasa 15: Waldorgommii cillimfoo lixuu addunyaa kan meetira 10 irraa suura fudhatame. Cheltenhaam Ingilaand Sadaasa 16: Dorgommii guluffii Fardeenii namoonni 262,637 ta'an daawwatanirraa suura fudhatame. Dubaay Yunaaytiid Arab Emireet Sadaasa 16: Hasan Hamaada utaalcha dheeraa waldorgommii dubaayitti qophaayerratti wayita utaalu suura fudhatame.
oduu-43946111
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43946111
Yaadannoo hin himamiin hafe-Viinteej Addiis
Itiyoophiyaa keessatti barri 1960 hanga 1970 jiru do'iiwwan baay'inaan dukkanaawoo ta'an galmeefateera.Goolii diimaa,goolii adii,hidhaa jimilaa,ajjeechaa jimilaa jechaa seenaa tarreefamu. Seenaawwan galmeessitooti seenaa iddoo guddaa kennaniif kunneen duuba qaabatoowwan maatii,aarsaa jaalalaa fi waloomni hiriyyummaa ni jira ture.
Suuraawwan yaadannoo taatee kanaaf ta'an barruu namoota baayyee keessa jiru. Suuraawwan kun addababbayyiitti ba'anii namooti akka irratti haasa'aniif marsariitiin 'Viinteeji Addiis' boqonnaa haaraa baneera. Viinteej Addis akkamitti jalqabe? Hundeessitoonni marsariitii kanaa Naafqoot Gabayahu, Fiilip Shuutiz fi Wangeel Abbaba dargaggeeyyii ganna 20 keessa jiranidha. Dargaggeeyyiin kun suuraawwan baroota isaan keessa hin jiraanne agarsiisan walitti qabuuf muxannoon biyya ollaa akka isaan onnachiise dubbatu. Keesumaa, kitaabni suuraa waggaa lama dura harka isaanii gale hojii kanaaf akka ija banatan godheera. Hundeessitoota Viinteej Addiis mirgaarraa gara bitaatti, Naafqoot Gabayyoo, Filiippi Shuutiizfi Wangeel Ababbaa 'Kitaabni dura argine 'Viinteej Yugaandaa jedhama. Kitaaba sana keessatti suuraawwan jireenya namoota durii agarsiisan irratti maxxanfamaniiru.Kana yoo arginuu 'waan akkasii Finfinneetti maaf hin hojjeennu?' jechuun ibsiti Naafqot Gabayahu. Akka isheen jettutti, jalqaban kan yaadattu hundeessitoota keessaa tokko kan taate , yaadannoowwan gaggaarrii burjaajii bara 1960 hanga 1970 duuba jiran leellisuun kaayyoo isaanii ijoo akka ture ni dubbatti.'Baruma hammeenyi itti baay'ate sana keessatti namooti wal-fuudhaa,barachaa,biyya daawwachaa,gammachuu fi gadda dabarsaa turani.' jetti Naafqot. Hundeessaa marasariitii kanaa inni kaan Fiilip Shuutiz lammii Siwiizarlaandiifi ogeessa wixinee fi suuraati, innis suuraawwan bara sanaa daawwattootaafillee seenaa fuula biraan jiru agarsiisuuf humna akka qaban dubbata. Suuraan cidha Ayinaalamii fi Gannat jedhu seenaa jaalalaa kutaa afuriin seneffame yoo ta'u. Dargaggeeyyiin kun bara 1970 yeroo gooliin diimaa baayyee itti hammaatetti wal-fuudhan.Isa dura bara 1966-1971 Gannat mana hidhaa turte.Suuraawwan kun urjiiwwan jaalalaa kun qormaata dabarsan,bara dhiphuu keessattillee gaa'ela hawwan raawwachuuf namoota kutannoo agarsiisani dha. Hundeessitoota Viinteej Addiis mirgaarraa gara bitaatti, Naafqoot Gabayyoo, Filiippi Shuutiizfi Wangeel Ababbaa Akka fuula kanarraa hubachuun danda'ametti, suuraawwan Finfinnee 1000 ol ta'an yeroo gara garaatti kaafaman toora tooraan ramadamanii dhiyaataniiru. Suuraawwan kun maatii 56 ta'anirraa argaman. Akka daawwatoonni waa'ee suura sanaa hubataniif jecha fuula duubaa suurawwan kanaarratti ibsi gaggabaaboon barreeffamaniiru. Mullata isaanii Hundeessitoonni marsariitiin erga hundeeffamee waggoota lama keessatti qalbii namaa haalan hawwate kanaa daawwattoota dabalataa horachuuf kaayyoo akka qaban dubbatu. Nafqoot Gabayehu suuraawwan qalbii namaa hawwatan karaa ittiin argatan falaa akka jiran dubbatti. Ji'a Sadaasaa keessas kitaaba suura 100 qabatu maxxansuudhaaf karoora akka qabanis himteetti.
oduu-44679079
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44679079
Teewdiroos Tashoomee: Lubbuun Dr. Abiyyi aartiitti dhiyoo jirti
Loltuus, qote bulaas, dafqaan bulaas turan. Barreessaa akka ta'an namni beeku garuu waan jiru hin fakkaatu. Tewodiroos Tashoomeetu beekaa?
Dr. Abiyyi Fiilmii 'Soost Ma'aazan' jedhamu keessatti gahee harka 50 qabu Akka Teewdiroos jedhutti yoo ta'e fiilmii ''Qazqaazzaa Walaafin'' jedhamu alatti hojii isaa hunda keessa ga'een Dr. Abiy keessa jira. Waan kana ballisnee yoo ilaalle, barreessaa Abiyyi "Abay Wayiis Veegaas", "Fiqir Siferdi", "Qeyyi Siteti"fi fiilmota Tewodiroos biroo saddet keessatti karaa hin beekamneen yaada gumaachuun isaa hin hafne. Waanti kun erga beekamtii argatanii toora barreeffamaattis waamsisuuf kan ta'e jedhee hojjetamedha? Hojiin waa kalaquu ykn hog-barruun isaa attamiin ilaalama? "Soosti Maa'izen" keessatti isaan meeqa hojjetan? Kan hubachuuf akka nu dandeessisuuf, abbaa qabeenyaa mana fiilmii Siniimaa Sabaastoopool kan ta'an Obbo Tewodiroos Tashoomee waliin turtii taasifneerra. Ministira Muummee Fiilmii Barreessu? Ministira fiilmii eebbisiisu nu mudateera ta'uu danda'a. Ministira Muummee fiilmii barreessu garuu...? Ani beekaa! Yaadumti isaayyu welefeendee wa'iidha. Abiy Ahmad osoo dursaa biyyaa hin ta'iin dura ykn gala 4kiiloo dura nama fiilmii barreessa isa duraa ta'uu danda'a malee maqaa biraan kitaabota barressuun garuu ministira muummee jalqabaa miti. Ministirri Muummee duraanii Mallas Zeenaawwii, kitaaba "Miku'iku'aay Zeyfileyelu Mahitso" asoosama jedhamu maqaa qalamaa Tasfaayee Yehulaasheet jedhuun akka barreessan ni dubbatama. Maqaan kitaaba kanaa hiikni isaa "karra rurukkatamuun irraa hin dhaabbanne" akka jechuuti. Kitaaba biraa "Gennatiinaa" jedhamus ni hamatama. Abiy Ahmad ammoo maqaa "Dirahaaz" jedhuun "Hirkaabi naa Menber" akkasumas "Seteetee" kanneen jedhan akka gumaachan erga odeeffamuun eegale bubbuleera. ‹‹Dirahaaz›› kan jedhu yoo xiqqate gabaajee maqaa isaafi kan haadha warraa isaa ta'uu akka malu shakkuun ni dand'ama. Qubeewwan hafan kan ijoollee isaanii kan bakka bu'an ta'uu maluu lata? Tewodiroos kanarratti waan tokkoyyu jechuu hin barbaadu. Kan walbaran Jimmarrraa eegalee haa ta'u Aggaaroorraa, mana barumsaarraa haa ta'u erga guddatanii waan akeekee beeku hin qabu, jechuun "gaaffiin kun naa haa darbu" jedheera. Hojiin ogummaa isaanii durarraa eegalanii akka gamagamamu ni dubbatu. "Hojiiwwan koo keessa Abiyyi jira; hojiiwwan Abiyyi keessa ani jira." Qola kitaaba Barreessaa Abiyyirra yaadni Tewodiroos kana mirkaneessu jira. "Seteeteen" kitaaba Abiyyi kan biroodha. Seenaa nama Jimma keessa turee "Kadiir Seteetee" jedhamuuti. Bara mirgi dubbachuu hin turre keessatti Adabaabaayii Jimmaa irratti jabinaan kan dubbatan turan jedhu. Kanarraan kan ka'e aanga'oonni hedduun akka darara irraan ga'aa turaniifi dhumarratti lafa dhoksaa tokko geessanii akka namicha sana ajjeesan Tewodiroos Tashoomee sagantaa raadiyoo "Ye derraa chaawota" jedhamurratti dubbatee ture. Kanaaf, Doktor Abiyyi maqaa nama fincilaa kanaan maaliif kitaaba barreessee? Maaliif maqaa Dirihaaz jedhuun maxxansiisan? Kanneen jedhan yoo gaafachuu jalqabne deebii caalaa gaaffiiwwan biroo nutti kaasa. ‹‹Kadiir Seteetee qabsaa'aa bilisummaa waan tureef kitaaba isaaniitiif filatan akka natti fakkaatutti," jedha Tewodiroos. Dr. Abiyyi kitaaba nu dhoksan qabuu? Tewodiroos Tashoomeef, Dr. Abiyyi Ahmad nama alkaniifi guyyaa dubbisu qofaa miti. Nama gaggeessummaaf dibame nama qajeelaa qofaas miti. Waan hedduudha. Hundaan ol garuu, "lubbuun isaa ogummaatti dhiyoodha" jedha. Kanaafidhas, "Isa waliin saatii tokko dabarsuun waggaa tokkoof mana barumsaa galuu waliin kan walqixa ta'uuf" jechuun ragaa ba'aaf. Gaaffii hojii ogummaa biroo yoo qabaateef kan BBC'n gaafate Tewodiroos hojiiwwan namoonni hin beene akka qabu hin dhoksine. ‹‹Soosti Maahizan›› keessatti garuu ga'een Dr. Abiyyi %50 akka qabatu dubbata. Mata-dureen isaafi wixineen jalqabaa kan isaa akka ta'e itti dabalee "dhimmoota siyaasaa fiilmicha keessa jiran isatuu itti dabale,›› jedha. "Namoonni baayyeen hojii kan isaa akka ani maqaakootiin baafadhetti na qeequ. Kanan maqaa isaa heeruu hin barbaanneef akka maqaan isaa dha'amu waan hin barbaanneef. Ta'us garuu aniifi inni karaa walii galuun isa galateeffadheera. Fiilmichi yeroo xumuramu tarree namoota galateeffatamanii keessaa "obboleessakoo Abiyyi" kan jedhu Ministira Muummichaa ammaa kana bakka bu'a. Dr. Abiyyi Ahimad kitaabota barreesanis qabu "Soosti Maa'izan" erga siniimaa keessaa ba'ee baayyee tureera. Amma garuu gara siniimaatti deebisuuf qophiin taasifamaa jira. Maaliif yoo jedhame, "Namoonni baayyeen akkan deebisee agarsiisu na gaafataa jiru. Nutis qophaa'aa jirra," jedha Tewodiroos. Isaan boodahoo? Namoonni arguudhaaf ariifataa jiru. Lakkoofsi namoota ilaalanii torban darbe keessa dachaan dabaleera. Erga yaanni kun ka'ee namoonni walakkaa miliyoonaatti siqan marsariitiirraa daawwataniiru. Isaan kana keessaa garri caalan fiilmii kana keessaa Dr. Abiy keessaa qaba jechuu dhaga'anii daawwachuuf murteessan. Daawwattoonni fiilmii kanaas, erga daawwatanii jalatti yaada naaf kennaniiru. "Ministirri Muummichaas akka fiilmichi isaaniif ilaalamu fedhuun isaanii hin dhoksine. Namoonni Soosti Ma'izan hin ilaaliin akka ilaaltan carraa kanaan isin nan gorsa, " jedhan afeerraa hirbaataa qondaaltota Eertiraa dhufan waliin qabaatan irratti. ‹‹…Hin dubbatiin jedheen ofuma kunoo gadi baase›› Fiilmicha barreessuu isaanii akkaataa Dr. Abiyyi ittiin ibsan kaayyoofi mullata duraan qabu turan akka qorannu nu taasisa. Afeerraa hirbaataa jila Ertiraarraa dhufaniif taasisanirratti kan irra deddeebiin dubbatan waa'ee obbolummaadha. Isayyu miira si'ataa ta'een. Yeroo dubbatani maratti arka reebuun hamileen kennamaafii ture kan hin dagatamnedha. "Anumti hanga ta'e kanan keessatti qooda fudhadhe fiilmiin Soosti Maahizan ergaawwan darbasu keessaa inni tokko uummattoonni Eertiraafi Itoophiyaa yeroo rakkinaatti akka walgargaaranidha. Bara rakkinaatti jaalalli isaan waliif qaban maal akka ta'e agarsiisa." Waggoota dheeraaf icciitii qabatanii turan yeroo ifa gochuufi dhiisuu yaadanitti qalbiin isaanii akka hirame irratti beeksisaa akkas jedhan, " Yeroo dheeraadhaaf Teediidhaan hin dubbatiin jedhee kunoo ofumakoo gadi baaseekaa." Fiilmiin 'Soost Ma'aazan' imala godaansaa lammiilee Itoophiyaa fi Eertiraa mul'isa Fiilmiin Soost Maa'aazan erga barraa'ee waggaan torba darbeera. Yowwis Dr. Abiyyi miseensa mana maree bakka bu'oota uummataa turan. Akka Teewdiroos jedhutti, Dr. Abiyyi dursaa biyyaa akka ta'an dura dursanii beeku ture ''dursaa biyyaa ta'uuf qophaa'aa akka ture nan beeka.'' Maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafachuunisaaniis kanumaaf ta'uu mala. Suura ka'uufis fedha qabaachaa akka hin ture miidiyaaleef himuun isaaniis ni yaadatama. Teewdiroos hiriyyaan isaa Dr. Abiyyi Ahimad dursaa biyyaa akka ta'u beekus ''yoom akka ta'un hin beeku turee'' jedha. Tooftaa barruu Dr. Abiyyi Oogummaa barruu filmii keessatti wanti guddaan daawwattoota jaalalaan bituu danda'uuf dandeettii barreessichi ergaa dabarsuu barbaaduu bifa adda ta'een dabarsuuti. Dr. Abiyyi hiree Itoophiyaafi Eertiraa yeroo ni ta'a jedhamee hin yaadamne keessatti baraan fuulduratti furguggifaamanii ilaaluu danda'aniiru. Teewdiroos Tashoomee barreefama isa jalqabaa wayita itti agarsiisu, haalli itti Itoophiyaafi Eertiraan walitti dhufan taatummaa faalla waliin ta'uu hin qabu jedhuun lameen waliin bu'aa bayii keessa wayita darban mul'isuu qaba jedhanii barreefamicha jijjiiraniiru. Barreefama sirreessan keessatti lammileen Itoophiyaa fi Eertiraa obbolaa akka ta'aniifi masaanummaan hiree isaanii akka hin taane mul'iisuuf yaalaniiru. Fiilmichi wantoota baayyee jajaman qabaatus rakkoolee fiilmonni Itoophiyaa qaban ni qooddata jedhu ogeeyyiin fiilmii. Ta'uus fiilmichi kutaalee addunyaarra naanna'ee goonfamaa jira. Afrikaa Kibbaatti, badhaasa''Afrikaan Muuvii Awaard'' jedhamu inumaayyuu gosa sadiin mo'ateera. Feestivaala fiilmii Paanafrikaan irrattis waancaa tokko mo'ateera. Ruwaandaattis badhaasa ''Beest oodiyeens Awaard'' argateera. Yuutiyuub irratti namoonni fimii sana bohaa akka daawwatan yaada isaanii barreessaa jaalachuu isaanii ibsaniiru. Qeeqota fiilmii kana irratti ogeeyyii filmiirraa ka'aa jiruuf itti gaafatamummaa kan fudhatan barreessaa filmichaa ta'uu jedhamee Teewdiroos gaafatamee, ''kun rakkoo Daayireektaraa malee kan barreessichaa miti, anatu qeeqa sanaaf itti gaafatamummaa'' fudhata jedheera.
oduu-44000294
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44000294
Biil Koosbii fi Roomaan Polaaniskii Oskaar akkaadaamii keessa ari'aman
Biil Koosbii fi Roomaan Polaaniskii 'US Academy of Motion picture Arts and Sciences' keessa ari'aman.
Badhaasa Oskaar kan kennu akkaadaamiichi qajeeltoo namuusaa isaarratti hundaa'uun tarkaanficha fudhachuu isaa beeksisee jira. Agarsiisa TV irratti beekamaa kan ta'e Koosbiin yakkamaa ta'uunsaa ji'a darbe keessa murteeffame. Direktarri injifataa-Oskaar ta'e Polaaniskiin ammo intala wagga 13 bara 1977 keessa gudeeduusaa amaneera. Miidhaa saalaa qaqqabsiisuun himata baay'een irratti dhihaatee kan ture qopheessaa Harveey Weeniteen wagga darbe keessa ari'atamuunsaa ni yaadatama. Ari'atamuun qopheessaa kanaa waggaa utuu hin guutiin aangoo isaanii gar malee fayyadamuun miidhaa wal fakkaata qaqabsiisan kan jedhaman namoonni biroonis sochii #MeToo jedhamuun saxilama jiru. Kufaatii Biil Koosbii Murtee akkaadamii kana ilaalchisee Koosbiis ta'e Polaaniskiin ifatti waan jedhan hin qabani. Kun ''murtee tuutaan godhameedha malee murtee haqaa miti,'' jechuun haadhi warra Koosbii, Kaamilaan ibsiteetti. ''Biil Koosbiif qofa utuu hin ta'in biyya kanaaf jecha murtee hamaan kun kaafamu qaba,'' jechuun dubbatti. Akaadamiin kun maal jedhe? Dhaabbanni guddichi kun murtee kana erga miseensooti boordii sagalee irratti kennanii guyyaa lama booda Kamisarra ifa godheera. Ibsa isaa keessatti, boordiin dhaabbatichaa ''Ta'aa Biil Koosbii fi direektara Roomaan Polaaniskii akkaataa qajeeltoo namuusaa isaarratti hunda'uun miseensuummaan isaanii akka irra mulqamu sagalee kenneera,'' jechuun himeera. ''Boordiin kun akkaataa kabajaafi duudhaa namummaa Akkaadamiichaa tiksuu danda'uun qajeeltoowwan namuusaa kana jabeessee itti fufa,'' jechuun itti dabalanii dubbataniiru. Umurii waggaa 91 dhabbanni kun qabu keessatti, hanga yoonaatti namoota afur qofatu Akkadamiirraa ari'ame. Inni jalqaba Kaarmiine Kaariidi wayita ta'u miseensummaan isaa kan mulqame bara 2004 keessa ture. Sababni isaas viidiyoo fiilmii iccitiin inni hiriyaasatiif ergetu marsaritii irrati gadi lakkifameera himanni jedhu waan irratti dhihaateef ture. Polaansikiin seeraan gudeeddi akka ta'e kan eerame qunnamtii saalaa intala ganna 13 irratti raawwachuusaa waggoota heddu dura amane. Dhabbanni kun maaliif tarkaanfii utuu irratti hin fudhatiin waggoota hedduuf kabajaan badhaasicha kennaafi akka ture miidiyaalee haawaasaarratti gaaffii namoota baay'ee ta'e jira.
oduu-51848961
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51848961
Isheen Eenyu 17: Ijoollummaatti heerumtee ijoollee godhattus PhD hojjechuu ishee hin dhorkine
Milkaa'inni waan akka tasaa dhufu waan hintaaneefuu cimanii hojjachuun kaayyoo ofii fiixaan baasuuf akka dandeessisu muuxannoo keessummaa keenya har'aa irraa qabatamaan hubatama.
Keessummaan keenya kan har'aas odeessa Gumaata Kaampaasii irratti dhiyaatanii kan turan yoo tahu muuxannoo jireenyaafi barnootaa isaanii irra deebiin akka itti aanutti isiniif dhiyeessineerra. Maqaan koo Alimaa Jibriil Huseen jedhama. Kanana dhaladhee guddadhe Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Ayyaanaatti. Barnoota koo sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa magaaladhuma sanattiin xumure. Barnoota koo kutaa 1ffaa irraa hanga kutaa 12ffaa keessatti mudannoowwan nama gaddisiisaniifi nama gammachiisan hedduun na mudataniiru. Barnoota ilaalchisee maatiin koo kan hin baratiin waan ta'aniif waa'ee faayidaa barnootaa wallaaluu irraan kan ka'e yookaan ammoo dubartiin barattee sadarkaa kamirrayyu hin geessu jedhu qabu turan. Fedhii malee heerumsiisuu Maatiin koo dubartoota baratanii milkaa'an akka fakkeenyaatti ilaalan naannoo sana irraa dhibuu kan walqabate natti fakkaata, sadarkaa 1ffaa ykn kutaa 6ffaa akkuman xumureen fedhii koo malee akkan heerumu na taasisan. Haata'u malee, barnootaan cimtuu waanan tureef, barsiisonni yeroo sana turaniifi bulchiisonni hanga aanaa sanaatti turan na beeku ture. Abbaa koo waamanii akka inni na heerumsiisuu dhiisee na barsiisu dirqisiisanii turan. Abbaan koo garuu na heerumsiisuu diduu hin dandeenye waan ta'eef osoon sadarkaa 1ffaa illee hin xumuriinan heerume. Bara sana ministiriin kutaa 6ffaa irratti ture. Anis akkuman ministirii kutaa 6ffaa fudhadheen dirqamaan heerume. Kutaa 6ffaa irraa ministirii qoramee qabxii 99.6 galmeesiseen gara kutaa 7ffaatti darbe. Ammallee barnoota addaan hin kunne. Abbaan koos deebiyee akka garaa laafuu ta'e. Harmeen koos gara dhumaa irra yaada koo yeroo ilaaltu, galgalaafi ganama gadda koofi boo'icha koo yeroo hubattu, deebii'anii waan godhan wallaalan. Cidha qopheessanii nama heerumsiisunis akka waan guddaatti ilaalama ture. Dubartiin barattee eessa geessi yaadni jedhus isaan keessa jira. Kanaaf, osoo yaaduma kana keessa jiranii gaafan heerumuudhaaf ka'utti abbaa manaa koo waliin waliigalanii akka ani barnoota koo itti fufuu danda'u waadaa naaf seenanii heerume. Barnoota ishee keessatti gahee abbaan manaa ishee qaban Hunda caalaa barumsa koo keessatti gahee guddaa kan qabu abbaa manaa kooti. Sababiin isaas inni kutaa 7ffaa irraa kaasee amman sadarkaa kana ga'eetti rakkoo baayyee na waliin dabarseeti kan inni na barsiise. Mormiin karaa maatii isaa, karaa namoota gara garaa isarratti ka'u, keessumaa dubartiin Musiliimaa erga heerumtee mana barumsaa deemuun akka waan Shari'aa cabsiteetti rakkoon gara garaa irra gahaa tureera. Maatiin erga fuutee booda maaliif mana barumsaatti ishee ergita jechuudhaan dhiibbaa irraa geessisuun jireenya hawwaasummaa keessaa isa baasanii baayyee dhiphina guddaa keessa isa galchanii ture. Inni garuu kana hunda danda'ee anaan na jajjabeessaa barumsa kootti na cimsee kana irraan na ga'eeera. Mormiifi isa qoollifachuu sababii koorraa kan ka'een isa irra ga'u hunda dura dhaabbatee abbaan manaa koo ejjennoo isaa jalqabaa osoo hin diigiin osoo guyyaa tokko rakkoo ana irraan hin ga'iin hanga xumuraatti na deggeree kan na barsiise. Abbaan manaa kiyyas barnoota koo keessatti dhiibbaa maatii isaa, dhiibbaa hawwaasa Musiliimaa naannoo sanaa danda'ee na gargaaruu isaatiinis sadarkaan barnoota ani galmeesisus gadi hin buune. Kutaa 8ffaa yeroon ministirii qorames 99.5 galmeesisuun qabxii ol-aanaa fideen darbe. Kutaa 9ffaa keessattis sadarkaanan darbe. Kutaa 11ffaa yeroo baradhu ammoo jireenya gaa'elaa keessatti kan eegamuufi kan fidu ture. Mucaa koo ishee hangafaa yeroon kutaa 11ffaa baradhun osoon guyyaa tokko barumsa koo irraa hin hafiin garaattis harkattis baadheen xumure. Haadha daa'imaa ta'ee osoon jiruus sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa gadi bahee hin beeku. Kutaa 12ffaa yeroon baradhu ammoo mucaa ishee lammaffaan da'e. Maatirkii kutaa 12ffaa fudhadhee booda qabxii dippiloomaatu naaf dhufe yeroo sanatti. Bara sana keessa qabxii dippiloomaa fiduu jechuun baayyee cimaadha. Barri isaas akka lakkoofsa Itoophiyaatti 1988 ture, waggaa 24 dura jechuudha. Yeroon kolleejjii galuuf jedhu mucaan koo isheen lammaffaa ji'a 6 turte. Daa'ima ji'a 6 dhiisanii kolleejjii deemuunis rakkoo dabalataa biroo natti ta'e. Osoon ijoollee reefuu kana akkamiinan dhiisee deema jedhee dhiphadhu amma ammoo haadha kootu na gargaare. Ani harmee koof hangafa waanan ta'eef isheen ijoollummaa qabdi ture. Isheenis yeroo sana da'umsatti dhiyaatteetti waan ta'eef akkuman kollejjii galeen ji'a lama keessatti deesse. Kanaaf, daa'ima kan koo harma tokko kan ofiishee ammoo harma isa kan biraa hoosistee guddiste. Walumaagalatti daa'imman koo irra rakkoon tokkollee hin geenye. Abbaan manaa koos sirriitti qabee hangan kolleejjii baradhee xumurutti sirriitti qabataa ture. Kollejjii xumuree bara 1991 akka lakkoofsa Itoophiyaatti barsiisuun eegale. Osoo waggaa lama hin turiin deebii'ee barnoota digirii Yunvarsiitii Baahir Daarittin argadhe. Barnoota digirii koo xumuree yeroon deebii'us gara sadarkaa biraatti ce'uudhaaf dorgommii biraatu ture. Dirqamni dubartummaa waa meeqa? Dorgommii sana keessa yeroon turetti egaa dubartummaan waan baayyee qaba. Dubartummaan haadha ta'uun dirqamaa, dubartummaan haadha manaa ta'uun dirqama. Dubartummaan dhiibbaa karaa maatii, hawwaasaa, karaa uumamaanillee kan ishee qaqqabu waan hedduutu jira. Ammas mucaa sadaffaa garaatti baadheen ture qormaata digirii lammaffaa (MA) kanan dorgome. Dorgommii sanas milkaa'ee gaafan digirii koo lammaffaadhaaf deemuuf ka'u daa'imni koo ji'aafi torban lama ture. Daa'ima umurii kana irratti dhiisee hin deemu jedheen fudhadheen mana kireeffadheen digirii koo lammaffaa kana Yunvarsiistii Finfinneetti baradhee xumure. Akkas ta'ee utuma jiruus qabxii bareedaatiinan eebbifame. Qabxii 3.79 akka muummee keenyaatti nama lammaffaa ta'e galmeesiseen eebbifame. Ergan digirii koo lammaffaa xumuree boodas yunvarsiitiiwwan bakka gara garaatti dorgomeen ture. Dorgimmii kanaanis adda durumaanan milkaa'e. Kanneen keessaa ammoo Yunvarsiitiin Wallaggaa filannoo koo jalqabaa waan ta'eef achittin ramadame. Akkuman Yunvarsiitii Wallaggaatti hojii jalqabeen ammoo hojii baruufi barsiisuun alatti, hojiiwwan gara garaa irratti hirmaadheen ture. Waggaa jalqabaa irratti Yunvarsiitii Wallagaa keessatti dhimmi dubartootaa irrattin hojjechaa ture. Hojiin dhimmi kana irratti keennaa ture keessaas, leenjii gara garaa barattoota jajjabeessan, kaan gorsaa kanan ture yommuu ta'u muuxannoo kan koollee akka gaariitti isaaniif kennaan ture. Yoo cimanii kaayyoo qabaatan dubartiin kamiyyu dhiiraan ol malee dhiiraan gadi akka hin taane itti himaan ture. Hirmaannaa koo kana ilaalanii waggaa tokkoon booda ammoo gara diinii Barattoota Waliigalaa Yunvasiitii Wallaggaatti na guddisan. Achirras waggaa tokkoofan hojjedhe. Yeroo sana keessatti waan barattootaa ilaalchisee rakkoon ture waan hedduudha. Hojiin isaa baayyee walxaxaadha. Namoonni 'hojiin kun hojii dhiiraadha, hojii dhiirattiyyu baayyee cimudha. Akkamittiin Diinii Barattootaa irratti si ramadu siin? Kan naan jedhaa turan hedduudha. Animmoo ejjenoodhaan 'hojiin dhiira, dubartiidha jedhamee jiraa?' jedheen itti cime hojjechaa ture. Dhugumayyu ammoo akkuma isaan jedhan ani dubartii ta'ee badaa laata jedheen, sababii ani dubartii ta'eef bakki kun bade laata jedheen yeroo koo guutummaan guutuutti kenneen hojii gaariin hojjedhe. Jijjiirama gaarii galmeesise. Waggaa tokkoon booda ammas hojii kootti gammadanii, baayyees ana ajaa'ibsiifatanii gara Diinii Kollejjii Afaaniifi Joornaalizimii ta'een waggaa tokkon hojjedhe. Achi irrattis hojii gaariin hojjedhe. Kanaan alattis hojiiwwan yunvarsitichaa gara agraa keessatti hirmaadheen hojjechaa ture. Ergan waggaa sadii Yunvarsiitii Walaggaa hojjedheen booda barnoota Digirii Sadaffaa (PhD)n Yunvarsiitii Finfinneettin jalqabe. Ammas turtii waggaa 6 tiin booda Digirri Sadaffaa (PhD) koofi daa'ima koo afraffaa takkaamattin argadhe. Waa'ee maatii... Bakkan ga'e kana keessatti maatiin irraa dhaladhe, hunda caalaa haadha koo, abbaafi obbolaan koo, abbaan manaa koo bakka ol aanaa qabu. Kaayyoo ani qabu fuula koo duratti arganii na tumsan. Ijoolleen koos akkasuma. Ijoollee afran da'e keessaa lamaan isaanii yunvarsiitii barachaa jiru. Isheen angafni Konistiraakshin Tekinooloojiidhaan waggaa 4ffaa barataa waan jirtuuf barana eebbifamti. Isheen lamaffaa ammoo Narsingiidhaan waggaa lammaffaa barachaa jirti. Icciitii milkaa'inaa…. Ani yeroo hunda nan danda'an jedheen amana. Kaayyoon kaawwadha. Kaayyoo koo galmaa'an ga'achuudhaaf karooran qaba. Karoora koo irratti seetoodhaan nan hojjedha. Jireenya mana koo keessaa irraa jalqabee seeraa fi sirna ittiin bulanis nan qaba. *Odeessi 'Isheen Eenyu?' jedhu seenaa dhuunfaa, muuxannoo, milkaa'inaafi bu'aa bahii dubartoota jajjaboo garagaraa BBC'n dubbise torban torbaniin gaafa Kamisaa kan dhiyeessudha.
42806534
https://www.bbc.com/afaanoromoo/42806534
Kenyaan saataalaayitii samiitti gadhiisuuf.
Maandisoonni Yunvarsitii Naayiroobbiitti argaman deeggarsa dolaara miiliyoona tokkoon olii dhaabbata qorannoo Jaappaan tokko irraa argateen saataalaayitii ijaare.
Saataalaayitiin kunis hojii qonnaa hordoofuufi daangaa galaana Keenyaa to'achuuf hojiirra olfama jedhameera. Jaappaan baasii saataalaayitichaa kan dandeesse yoo ta'u, ijaarsicha kan raawwantan garuu oggessota Keenyaa ta'un barameera. Saataalayitiin kunis baatii Bitooteessaa dhufu keessa gara buufata saataalaayitii addunyaatti kan ergamu yoo ta'u, baatii tokkoon boodas hojii akka eegalu taasifama. Haalli kunis Keniyaa biyyoota afriikaa saataalaayitii gara samiitti eergam jaha keessaa tokko ishee taasisa. Gareen yunivarsitii Naayiroobii saatalaayitii kana ijaarees, pirojaktii Mootummoota gamtomaniifi Motummaa Jaappaaniin dhaabbileen barnootaa biyootaa akka saataalaayitii mataasanii dhaabbataniif gargaaruuf jalqabameetti yoo fayyadaman kan jalqabaati.
oduu-51084085
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51084085
Filannoo Itoophiyaa 2020: 'Nuti michuu nagaati, warri nagaa booressitan nurraa dhaabbadhaa,'ABO
Hayyu Dureen Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawud Ibsaa dhaabni isaanii gucaa nagaafi dimoiraasii qabatee deema jedhan.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFOn) ammoo Hararitti waltajjii bal'aa qopheeffachuun ummata waliin marii jajjaboo taasisaniiru. ABOn magaalaa Finfinnee Galma Barkumeetti sagantaa 'Barii Finfinnee' jedhu qopheeffateerratti haasaa taasisaniin Obbo Daawuud: " ABOn eenyumaafuu diina miti, fira malee. Nuti michuu nagaati malee, warra nagaa booressan miti waan taaneefi warri nagaa booressitan nurraa dhaabbadhaa!" Sagantaa kanarratti Qeerroofi Qarree, jiraattonni finfinneefi naannawaa Finfinnee hedduun irratti argamaniiru. Obbo Daawud Ibsaa saganataa 'Barii Finfinneerratti' maal jedhan? Erga biyya galanii waggaa tokkoofi ji'a shan keessatti galma guddaa keessatti walga'ii guddaa akkasii kan qopheeffatan yeroo jalqabaaf akka ta'e sagantaa kalalttii OMN tamsaasu kanarratti Obbo Daawud ergaa jajjaba ta'e deggertootaafi ummata Itoophiyaaf dabarsaniiru. Hundeefama ABO, bu'aa ba'ii dhaabichi keessa darbe, bu'aawwan qabsoon isaa argamsiise, sagantaa siyaasa isaa ijoo ta'aniifi filannoo dhufurratti eenyurraa maaltu eegama kanneen jedhan ibsaniiru Obbo Daawud. Akka ABOtti nageenyi barbaachisaadha jennee amanna kan jedhan Obbo Daawud, "Ummanni Oromoo ummata nagaa jaallatudha. Sabaafi sablamoota isa keessa jiraatanis nagaafi kabajaan ummata waliin jiraatudha. Kana waan ta'eef, ABOn ummata nagaa barbaadan hunda waliin michummaa tolfachuun hojjeta. Kun nuuf beekamuutu barbaachisa," jedhan. Itoophiyaan mootummaa argattee hin beektu kan jedhan Hayyu Dureen ABO, gara fuula duraatti mootummaa ummata bulchu filachuun, humna ittisaafi nageenyaa ummataa eeguufi heera mootummaatiif hojjetu hundeessuu feesisa jedhan. "Nagaan ummataa akka hin boorofne, humni ittisaa nageenya ummataa eegsisuufi heera mootummaa kabajamu akka hundeeffamu amarra hojjetama." Ummanni Oromoo ofiisaa gidduutti tokkummaa qabaachuufi ummatoota biroo isa keessa jiraatan jaalalaafi kabajaan waliin jiraataa ture daran akka cimsatuuf ABOn xiyyeeffannaa addaatiin akka hojjetullee kaasaniiru. ABOn ar'allee taanaan ummataafi ummataa gidduu rakkoon akka hin jirreefi warra siyaasaatu nagaa booressa jedhee amana jedhan. Tokkummaafi Sabboonummaan Oromoo bu'uura "Tokkummaan Oromoo Sabboonummaa Oromoorratti kan hundaa'edha," kan jedhan Hayyu Dureen ABO, kun ammoo tokkummaa Itoophiyaatiif kan barbaachisuufi bu'uura ta'udha jedhan. "Tokkummaa Oromoofi Sabboonummaa Oromoo jeequun dhaabbachuu qaba. Tokkumaafi Sabbaanummaan Oromoo ititee jiraachuun ammoo tokkummaa Itoophiyaaf murteessaadha. Kanaaf, kan tokkummaa isaa [Oromoo] booressuu barbaadaniifi saboota biroo waliin walitti buusuu barbaadan of qusachuu qabu." Dubbii isaanii keessattis dhimma federaalizimii yeroo kaasan, qabsoo bilisummaa waggaa dheeraa gaggeeffameen bara 1991 jijjiirama mootummaa taasifameee sirni federaalizimii akka diriiru yaalame keessatti ABOn ga'ee guddaa qaba ture jedhan. "Haata'u malee, federaalizimiin diriire sun hojiirra oolchuurratti rarra'ee hafeera. ABOn amma sirni federaalizimii diriire sun kan gara fuula duraatti ceesisu ta'uu qaba jedhe amana." Waa'ee filannoo Sirni filannoo dhugaafi haqaa akka jiraatu falmaa hojjetaa akka jiran ibsuun, ammas jabeessinee hojjenna jedhan. "Sirna dimokiraasiin akka biyya kanatti guddatu kan barbaadan nu waliin akka hojjetan waamicha ni goona. Milkaa'ina kanaaf, Boordii Filannoo, mootummaafi paartilee siyaasaa waliin ni hojjenne. Mootummaan ammoo sochii paartii kanaa osoo hin danqiin, humni nageenyaa nagaa ummataa akka tiksuuf jabeessinee gaafanna. Kanneen mana hidhaa jiran amarraa qabee akka hiikamaniifis ni gaafanna," jedhan Obbo Daawud. Obbo Daawud haasaa taasian kana keessatti dhimma dinagdee ilaalchisuun ABOn maalirratti akka fuulleefatee hojjetullee ibsaniiru. Biyyi kun jedhan Obbo Daawud, dinagdee isheerratti yeroo dheeraaf kan saamicha gaggeessaa turan malee kan gaggeessanii ceesisan argachuurratti milkooftee hin beektu. Kanaaf ammoo sababiin isaa mootummaan itti-gaafatama qabuufi ummataan filatame argattee hin beektu. "Gara fuula duraa garuu mootummaan umataan filatamaniifi kan ummatichaan to'atamu hundeessuu barbaachisa." Magaalaa Finfinnee dabalatee rakkoon saamicha lafaafi qabeenyaa mootummoota darbanii daran akka rakkkoon dinagdeefi hawaasummaa hammaatu taasisuu dubbatan. Magaalaa Finfinnee akka fakkeenyaatti kaasuun, kan karoora hin qabne, akkaataa ittiin balfi maqfamu seeraafi sirnaa ta'e hin qabne, pilaanii qajeelaa kan hin qabee ta'uun isaa rakkoo walxaxaa hawaasarraan ga'aa tureera, ga'aas jira jedhan. Kana qofaa osoo hin taane, hojiin akka ummanni Finfineefi ummanni Oromoo akka waljibban taasisuu yeroo dheeraaf taasisuun rakkoo jiraattota magaalaa Finfinnee hammeesseera jedhu. "Lafti saamaman odiiti ta'anii sirreeffamuu akka qaban ni hojjenna. Lafti seeraan alaa saamuu baballachuu, meeshaan waraanaa Finfinnee seenu yaaddoo jiraattotaa magaalattii biraadha. Kanaaf ABON kun akka dhaabbatu cimee ni hojjeta," jedhan. "Dhimmi Finfinnee yeroo hundaa falamsiisaadha. Finfinneefi ummanni naannoo yeroo hundaa akka walfalmu taasifamaa tureera. Abbaa lafaa moggaatti qabuun rakkkoo uumameera. Kanaaf, bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebiyee jiraattonni Finfinnee nagana akka jiraatan hojjenna." Obbo Daawud sirna bulchiinsa ABOn hordofullee bal'inaan kaasanii kallattii akkamiitiin akka hojjetan deggertootaaf ibsaniiru. Misooma magaalaa, qote bulaafi horsiise bulaa sagataa isaanii keessatti maal akka fakkaatus agarsiisaniiru. Sivil sarvisiin biyya kanaa kaadireefi siyyaasa irraa bilisa ta'ee ummata tajaajilee hin beeku kan jedhan Hayyu Dureen ABO, ogummaafi beekumsa irratti hundaa'uun uumataafi biyya tajaajilu akka ta'uuf cimsinee akka hojjetan himan. Dhimma Qeerroofi Qarreen kaasuunis kan akka shaamaa baqanii ummata jiraachisanidha jedhan. "Waggaa afuriifi shan keessatti wareegama isaan baasan Oromiyaafi Amaaraa keessatti cimaa ture. Galataafi gatii isaaniif malu argachuu yaa turuutii maqaa balleessiifi arabsootu isaanirra jira. Kana waan ta'eef ammoo, gara fuula duraatti siyaasafi dinagdee keessati adda durumaan akka hiramaatan ni hojjeta," jedhan. Sagantaan ABOn Galma Barkumeetti qopheffate kanarrattis Ilfinash Qannoo dabalatee artistoonni Oromoo argamuun miidhagsaniiru. Itti-aanaa Dura Ta'aa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Baqqalaa Garbaafi aanga'oonni paartilee siyaasaa michootarraa ta'an heddunillee hirmaataniiru. Hararitti ammoo jilli KFO Piroofesar Mararaa, Obbo Jawaar Mohaammadiifi aanga'oota paartichaa biroo keessatti argaman hawaasa bal'aa waliin dubbataniiru. Obbo Jawaar haasaa Hararitti taasisee kan namoonni Feesbuukiirratti waliif qoodaniin akkas jedheera. "Sochiin aaadiifi eenyummaa Oromoo, sochii Afran Qallootiin Biyyee Adaree kessatti eegale. Sochii gafas eegalee har'a ittiin boonnulle…ni kabajnee sabaafi sab-lammii nu keessa jiru kabajnee akkanatti bareedne mul'anna," jedhe. Waggoota muraasa dura qabeenya keenya jimaa, keenya kuduraafi fuduraa keenya qonnan bulaan keenya qotee daldalaan keenya daldalee alagaatu itti fayyadamaa ture jedhe. "Qabeenyaa keenya irratti abbaa ta'uudhaaf, aadaa keenya guddifachuudhaaf, Oromummaa keenya guddifannee sabaafi sablammii nu waliin jiran wajjin wal haammannee jiraachuu yoo dandeenye gaaffii Oromoo mootummaa ummataan filame nuu haa bulchu isa jedhu deebisa. Mootummaa ummataan ajajamu dhaabuu qabna." Gumaa gootota Oromoo yoo ba'uu feetaan filannoo kana irratti kan isiniif ta'u kan abbootii amantaa kabaju kan Qeerroo kabaju filachuu danda'u qabdu jedheera Jawaar. Filanno kanaratti Piroofesar Maraaraa, Obbo Baqqalaafi Jawaar irraa amantaa qabaattanii yoo sagalee nuuf kennitaan akka fedhii keessaniitti isiniif ajajamuuf jirraa jedheera. "Nuti Oromootiin nu qofatu siif beeka hin jennu. Kanaaf, nuti ABO fi PBO waliin taanee sagalee Oromoo akka hin hirmanetti, Oromoon tokkummaan tokko akka filatutti filannoo kana seennne jirra. Oromoon shilinqii miti hin sharafamtu Oromoon tokkodha." Dabalataaniis obboleewwaan sabaafi sab-lammii waliin jiraannuu wajjiin akka durii nagaan haa jirannuu malee warra amantaafi sabaan nu qooduu barbaadan dhaga'uu hin qabnu jechuun dhaamaniiru. "Oromumaan keenya tokkoo amantiin keenya adda adda waan ta'eef hunduu akka amantii keessaniitti Oromoof kadhadhaa." Uffanaa aadaa saba halaabaa uffatee kan ture Jawaar uffannaa kana ayyaana sabichaa guyyicha kabajamaa jiru kabajuuf akka ta'e dubbateera. "Nuti akka KFOttis ta'e akka qabsaa'oota Oromoottis aadaa keenya hin xuqiinaa jenne malee kan namaa hin xuqnu, ni kabajna waliin guddifannee waliin adeemna," jedha Qabsoo ummataa kibbaa akkuma kan Oromootti qabsoo mootummaa ummataan buluu taasisan ni deeggara jedha. Filannoo kanaaf nuun filadhaa qofa hin jennu, nama isiiniif ta'u isinitu beeka kanaaf nama barbaaddan yoo nutti himtan bakka bu'aa paartii keenyaa isiniif goochuu dandeenya jechuun dubbateera. Hayyuufi beeka isin uummaati filattan barsiifnee, guddiifne biyya waliin bulchiina malee nama hattuufi soobdu kanumaan isinitti hin erginu jechuun maqaakoofi maqaa KFOn waadaa isinii seenna jedhaniiru.
oduu-54884926
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54884926
Lola Tigraay: Lolli erga eegalee torbee guute jiraattota Maqalee akkamiin miidhe?
Lolli humnooti mootummaa federaalaa kan naannoo Amaaraa waliin ta'uun humnoota Tigraay waliin taasisan erga eegalee torban guuteera.
Lixa Tigraay iddoo lolli jabaan adeemsifamaa turetti loltoonni hedduun ajjeefamuu akka hin oolle gabaasaaleen jiru. Gama daangaa naannoo Afaar, Raayyaa akkasumas gama Eertiraan sochiin waraanaa akka jirullee aanga'oonni naannoo Tigraay himaa turan. Kanatti dabalataan haleellaa qilleensaan kuusaawwan meeshaa waraanaa fi boba'aa adda addaa barbadeessuu isaa mootummaan federaalaa himeera. Amma dura sochii waraanaa homaa arguudhaa baattus magaalaan guddoo naannichaa Maqaleen labooba abidda lola adeemaa jiruun gubachuu hin baraaramne. Maqaleen magaalaa guddoo naannoo Tigraay yoo taatu Finfinnee irraa km780 fagaattee argamti. Mootii Yohaannis 4ffaatu jaarraa 19ffaa keessa hundeesse jedhama. Sadaasa 03 bara 2020 MM Abiy raayyaan ittisaa Tigraay irratti tarkaanfii akka fudhatu ajajan. Kana kan jedhaniif humni addaa naannoo Tigraay kaampii raayyaa ittisaa achi jiru haleelee miidhaas waan qaqqabsiiseefi jedhan. Guyyaa itti aanutti magaalaa Maqalee keessaa tajaajilli ibsaa addaan cite. Tajaajilli intarneetii fi bilbilaas walumatti aansee dhaabbate. Bariitu baankonni mootummaa fi dhuunfaa cufaman. Sababii baankoti kun cufamaniif qabatamaan waanti beekamu hin turre. Mootummaan naannichaa tajaajila geejjibaa magaalota naannichaa wal qunnamsiisu uggure. Guyyaa sadaffaa, gaafa Sadaasa 5 guutummaan guutuutti tahuu baatus tajaajilli ibsaa deebi’e. Tajaajilli geejjibaas Jimaata gaafa Sadaasa 6, deebi’e eegale. Namoonni lolli kun otoo hin jalqabiin manaa bahan eeyyama poolisii Tigraayiin gara naannoo isaaniitti deebi’uu jalqaban. Akka rippoortarri BBC Maqalee jiru hubatetti yeroo ammaatti rakkoo guddaa kan tahe tajaajilli geejjiba qilleensaas tahe lafoo naannichaa fi kutaalee biyyattii kaan wal qunnamsiisu ugguramuu isaati. Daangaa fi daandiin waraanaan waan eegamaa jiruuf gara Finfinnee deemuu fi achiis deebi’uun dhorkamee jira. Kanaaf namoonni maatii isaaniirraa adda bahanii Tigraayiin ala jiran deebi’uuf rakkachaa jiru. Warreen Tigraay keessatti danqamanii jiranis intarneetiinis tahe bilbilaan maatii isaanii bakka biraa jiran argachuu akka hin dandeenye BBCtti himaniru. Sodaa haleellaa qilleensarraa Gaafa Kamisaa Sadaasa 05 xiyyaarri waraanaa qilleensa Maqaleerra hurrisaa turte jiraattota magaalattii naasisteetti. Xiyyaarri kun naannawaa Maqaleetti haleellaa raawwattus miidhaan namaa fi qabeenyarra gahe hin jiru jedhe mootummaan naannichaa. Guyyuma sana MM Abiy meeshaalee waraanaa gurguddaa humni mootummaa naannoo Tigraay hidhatee jiru haleellaa qilleensaan barbadeessuu TV'tti bahanii dubbatan. Haleellaan dabalataa raawwatamuu waan maluuf uummatni Tigraay gareedhaan akka hin sochoone, iddoowwan namni walitti qabamurraa akka of qusatan gorsan. Kun jiraattota magaalattiitti yaaddoo guddaa uumee ture. Dilbataa Sadaasa 08 galgala Maqaleerraa fageenya km28 irratti haleellaa misaa’eliin xiyyaara waraanaa rukutee kuffisuu mootummaan naannichaa hime. Mootummaan federaalaa garuu kuni soba jechuun haaleera. Dhiibbaa baankiin cufamuun fide Rakkoo baankiin cufamuu waliin dhufe keessaa tokko hojjettoonni mootummaa mindaa fudhachuu dadhabuu isaaniiti. Aadde Nigistii Mallas mindaashee fudhachuu waan hin dandeenyeef rakkoo keessa jiraachuu himti. Otoo baankiin hin cufamiin durayyuu gabaa Maqalee keessa hanqinni maallaqaa akka jiru himu jiraattonni. Sochiin daldalaa magaalattii qabbanaa'us guutummaatti hin dhaabbanne Rakkoon kun gaafa dhalatummoo qarshii dhabuun namoonni cirumasaa waa bitachuuf akka rakkatan isaan gochaa jira. Qullubbii fi timaatimii gurguruun kan jiraattu Aadde Alemmaash Gabirasillaasee, "namoonni waa bitachuu ijaa hin dhufneef, galii jireenya koof tahu argachaa hin jiru,’’ jetti. Hanqinni birrii gabaa keessa jiraatus gatiin meeshaalee garuu amma dura akka hin daballe himu jiraattonni. Haala bishaan dhugaatii Rakkoon bishaan dhugaatii durumaa magaalaattii keessa jira. Bishaan botteewwan ykn dhaabbilee daldalaa mana manatti bishaan dhiyeessaniin ture jiraattonni magaalattii hedduun kan fayyadaman. Namoonni bishaan dhugaatii bitanii fayyadaman amma bilbilli waan hin jirreef warra bishaan raabsu qunnamuu hin dandeenye. Bishaan bombaa duraan torbeetti al tokko raabsamu amma waan dhaabbateef rakkoo jiru hammeesseera. Kanaaf ammoo sababni elektirikiin baduu ta'uu himu. Kuufamni bishaanii gahaan jiraatullee paampiin bishaan karaa ujummoo raabsu humna ibsaa malee waan hin hojjenneef rakkachuu hojjettoonni bishaanii ni himu. 'Lolatu nurratti baname' Mootumman federaalaa TPLFn akka lolaa jiru himus jiraattonni magaalattii baay'een uummata Tigraay irratti lolatu baname jedhanii amanu. Haa ta'u malee hammeenya waraana waan beekaniif nagaan akka bu'u fedhii qabu jedha rippoortarri BBC magaalattii keessa socho'ee namoota dubbise. Dilbata darbe namooti baayy'een bataskaanatti argamanii turan, haa ta'u malee akkuma sagaleen xiyyaara waraanaa dhagahameen namuu gara mana isaatti baqatee bittinnaa’e. Haati ijoollee afurii Tigist Abarraa ijoolleenshee Finfinnee jiraatu, isheen Maqalee jirra. ‘’Ijoollee koof baay'ee yaadda’era, nyaachuu fi rafuullee hin dandeenye. Ergan itti haasa’ee guyyaa sadii taheera,’’ jetti. Hanqina boba’aa Walitti bu'iinsawwan gara garaa waggootan lamaan darban keessatti uumameen, dhalattoonni naannoo Tigraay naannoo isaaniin ala jiraatan mijuun itti hin dhagahmu. Baayyeen isaanii gara naannoo isaaniitti deebi’aanii jiraachuu eegalanii turan. Sababa kanaanis sochii geejjibaa fi daldalaa magaalaa Maqalee kan duraanii caalaa dabalee ture, konkolaattonni heddummatanii turan. Erga lolli kun dhalatee garuu magaala keessa sochiin geejjibaa hir’ataa dhufeera. Kanaaf sababni tokko hanqina boba'aati. Haalfoom Taklaay hanqinni boba’aa waan jiruuf konkolaataa fayyadamuu guutummaatti dhaabeera jechuun BBC'tti hime. Mootummaan maal jedha? Lolli naannichatti dhalate gama diinagdee fi hawaasummaan uummata hiraarsaa jiraatus mootummaan federaalaas tahe kan naannoo dhimma kanarratti homaa hin jenne. Yaaddoo uummataaf mootummoonni lameenuu deebii gahaa fi kana booda maaltu akka tahu waan dubbatan hin qaban. Mootummaan federaalaa tarkaanfii waraanaa fudhachaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuree naannicha keessatti nagaa buusuuf hojjetaan jira jedha. UN dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa fi xiinxaltoonni garuu rakkinichi kan yeroo gabaabaa keessatti xumura godhatu miti jechuun gaaga'amni lammilee nagaarra gahuu hammaachuu akka danda'u akeeku. Lolli kun ammallee itti fufee jira, garam deemaa akka jiruu fi yoom dhaabbata kan jedhu namni beeku hin jiru. Kuni hundi akkamiin jalqabe? Qaamoti lamaan mootummaan naannoo Tigraay fi federaalaa sababii garaagarummaa ilaalcha siyaasaan walitti bu’uun duruma jira ture. Wayita Paartiin Badhaadhinaa uumamu TPLF itti makamuu diduun hariiroo qaamota lamaanii hammeessuu eegale. Kana booda weerarri Covid19 dhalate. Mootummaan federaalaa filannoon akka dheeratu murteesse. TPLF immoo naannoo Tigraayitti filannoo nan adeemsisa jechuun ciche. HUmni addaa Tigraay kaampii Waraanaa Izii Kaabaatti Motummaan federaalaa filannoo akka hin gaggeessineef akeekkachiisullee TPLF filannicha akkuma karoorseen raawwate. Kana booda mootummoonni naannoo fi federaalaa kunneen beekamtii walii kennuu dhaaban. Agarsiisawwan waraanaa gama lamaaniin mul'ataa turanirraa ka'uun gara lolaatti akka hin sodaa namoota hedduu ture. Sadaasa 03 haleellaa mootummaan raayyaa ittisa biyyaa izii Kaabaa irratti raawwatame jedheen duuba lolli kallattii qaamolee lamaan jidduutti dhalate. Mootummaa federaalaa labsii yeroo muddamaa ji’a jahaaf turu naannicharratti labseera. TPLF hanga seeratti dhiyeessutti of duuba hin deebi'u jechas jira. Mootummaan naannoo Tigraay TPLFn durfamu gama isaan Gamtaan Afrikaa jidduu seenee rakkoon mariin akka furamu gaafateera. Hawaasni idil-addunyaa namoota nagaaf jecha lolli dhaabbatee wal dhabdeen mariin akka furamu dhiibbaa gochaa jiru.
oduu-51155771
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51155771
Aartiifi Aadaa: Daddaraaroon Oromiyaa eessa jira?
Fedhiifi dandeettii aartii ol adeemtota ijoollee Oromoo deggeruun baadiyyaa Oromiyaa keessaa waltajjiitti baasee aartii Oromoo gama hundaan fuulduratti tarkaanfachiisuu kaayyeeffatee kan hundaa'e Daddaraaroon Oromiyaa uummata Oromoof soora qalbii ture, hedduuf ammoo biddeena ta'eera.
Asxaa Sagantaa Daddaraaroo Aartistoota jiruu aartii isaaniif Daddaraaroon daandii saaqeef muraasni dubbisne Daddaraaroon carraadha, carraa barnootaa ijoollee baadiyyaarraa fagoo jiru itti dhiyeessee akkaan kan qaraa tureedha jedhan. Daddaraaroon yeroo tokko qalbii uummata Oromoo keessa seenee ture amma eessa buuteensaa dhabameera, ijoolleen inni hundeeffameef garuu ammallee dandeettii baatanii baadiyyaa jiru. Daddaraaroo si'eessituu aartii Oromoo ta'e addaan kutuun fafa ta'ullee, haalonni dirqamsiisuu dubbatu, , Obbo Diimaa Abarraa qindeessaa garee Daddaraaroo Oromiyaa turan. Biiroon aadaa fi tuurizimii Oromiyaa daddaraaroo deebisuuf itti cichee hojjechuurratti hanqina qaba jedhu namoonni dubbisne, hoogganaan biirochaa Obbo kabbadee Deessisaa garuu hojiitti deebisuuf yoomuu callisnee hin beeknu jedhu. Daddaraaroo deebisuun filmaata otoo hin taane dirqama jedhu aartistoonni. Daddaraaroon maqaasaa eessaa argate? Dandeettii aartii ol adeemtota ijoollee Oromoo gabbisuu kaayyeffatee hundaa'uusaa kan himan Obbo Diimaa Abarraa,''Kichuuwwan ijoollee keenyaa biqilanii bor dararaaranii firiin isaanii uummata Oromoo bakka bu'u. Isaan kunneen kutaalee Oromiyaa hundarraa daddaraaranii as ba'an. Kanaaf 'Daddaraaroo' jennee saganticha moggaasne'' jedhan. Daddaraaroon akkuma eegaleen qalbii uummataa keessa seene kan jedhan Obbo Diimaan dandeettii dilbiin saafiloota ijoollee Oromoo keessa jirus as babba'ee daddaraaruu eegale jedhan. ''Daddaraaroon ijoollee dandeettii qaban baasanii mul'isuuf rakkataniif daandii saaqeera. Ijoollee baadiyyaa Oromiyaa keessa dandeettii aartii baatanii taa'an bira deemee carraa ta'eeraaf. Kanaanis hedduun bidden argataniiru. Aartiin Oromoos carraa argateera.'' Daddaraaroon aartii hin keessummeessine hin qabu ture kan jedhan Obbo Diimaan,''Sagalee kiiloleessuu, akkeessuu, taatoo diraamaa, taphoota garaagaraa, shubbisaa fi dandeettiiwwan addaa kan irratti qaramaa tureedha'' jechuun ga'ee qophiin kun guddina aartii Oromoo keessatti ba'aa ture yaadatu. Sagantaa kanaan ogeeyyiin manneen barnootaa Muuziqaa bebbeekamoo biyyattii keessatti baratan ijoollee Oromoo qaraniiru jedhan Obbo Diimaa Abarraa. Kutaalee Oromiyaa garaagaraa irra deemanii hojjechuudhaan carraa aartistoota Oromoof banameenis kanneen sabab daddaraarootiin amma carraa argatan jiru jedhan. ''Daddaraaroon kumaatamaaf carraa hojii baneera. Hedduusaanii ogummaadhaan qareera. Galata guddaa saba Oromoo biraa qaba.'' ''Daddaraarootu bu'uura nuuf ta'e'' Aartistoota Daddaraaroon daandii saaqeefii bidden baaseef keessaa tokko kan ta'e Weellisaa Andu'aalam Gosaa dhiyeenya kana muuziqaa eegalullee sirboonni isaa akkaan kan nama hawwataniidha. Otoo Daddaraaroon hin turre ta'ee hojiin muuziqaa akkasiin naaf hin qajeelu ture jedha weellisaa Andu'aalam. ''Daddaraaroon anaaf carraadha. Keessaahuu carraa ijoollee baadiyyaa, kanneen akka koo. Osoo daddaraaroon hin eegalamne ta'ee waan har'a irra jirru maaltu tilmaama. An har'a koo gaafan ilaalu kaleessa koo fi bu'uura koo daddaraaroo keessattin arga. Daddaraaroon bu'uura kooti.'' Aartii ijoollummaatti keessa koo ture naaf qajeelchee kan bu'aatti naaf jijjiire Daddaraaroodha kan jedhu Weellisaa Mahaandis Galatoo gamasaatiin ''Daddaraaroon mana barumsaa tolaan ijoollee hiyyeessaa qareedha'' jedha. Jalqabuma wayita sirba eegalu akka daran jaal'atameef duub deebii argachaa turuu kan dubbatu Aartist Mahaandis ,''Dandeettii aartii uumamaan na keessa ture qabadheen gara daddaraaroo deemee achitti gabbifadhe. Namoonni yaada nuuf kennaa turan ogeeyyii ciccimoodha. Mana barumsaa muuziqaa bebbeekamoorraa warra eebbifamaniidha. Manneen barumsaa akkanaatti barachuun nuti ijoollee baadiyyaatti cimatullee carraa kanaan garuu baranneerra'' jedha. Daddaraaroon maaliif adda cite? Sagantaan Daddaraaroo akkuma eegalteen fudhatama gudda argatee jaal'atamee ture kan jedhan Obbo Diimaa Abarraa, ''Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman birkiiwwan aartii mara irraa galmaa'anii shaakalaa turanillee itti fufuu hin dandeenye. Daddaraaroon si'eessituu fi mi'eessituu aartii Oromoo turte kana qalbii Oromoo keessaa baasuun cimullee haalonni addaan kutuuf dirqamsiisan turaniiru'' jedhan. ''Addaan cituu sagantaa Daddaraaroof sababi inni ijoon rakkoo baajataa ta'ullee haalli uummanni keessa turellee dhiibbaa guddaa uumeera. Wayita qophiin kun adda cite ijoolleen Oromoo hedduun wareegamaa turan. Hiriira ba'anii mirga waan gaafataniif barattoonni hidhamaa turan. Rakkoon sunimmoo ittuma fufe. Daddaraaroon akkuma amalashee baacoo, geerarsa, shubbisaa fi kolfa of keessaa qabdi. Nuti eenyuun taanee dhiigaa fi lafee namaarratti sirbina, geerarra, baacna jenneetu saganticha dhaabuuf dirqamne.'' Jedhan. Kana cinaatti ammoo abbaa sagantichaa kan ta'e Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa daddaraaroo bakkatti deebisuurratti akkaan rinciceera jedhu. Yeroo ammaa Hoogganaa Biirochaa ta'anii hojjechaa kan jiran Obbo Kabbadaa Deessisaa garuu sagantaa daddaraaroo irraa yoomuu garaa kutannee hin beeknu jedha. ''Sagantaa kana biiroo keenyatu eegale. Garuu hojiinsaa maallaqa miiliyoonotaan barbaada. Humna namaa fi beektota gaafata. Kutaa Oromiyaa mara waliin ga'anii hojjechuu gaafata. Hojiinsaa salphaa miti. Kana cinaan ammoo abbootiin qabeenyaa dhuunfaaarraa deggersa dhabne. Kanatu gufuu nutti ta'e'' jedhan. ''Yoo Daddaraaroon jiraatte aartiin Oromoo hin jigdu'' Aartistoota bebbeekamoo dandeettii ajaayibaatiin aartii Oromoo utubanii har'arraan ga'an bakka buusuun ni ulfaata kan jedhu Aartist Andu'aalam Gosaa,''kana milkeessuuf daddaraaroo itti fufsiisuun fedhii qofa osoo hin taane dirqama ta'uu qaba'' jedha. Weellisaa Mahaandis Galatoo ammoo sababa daddaraaroon addaan citeef dandeettiin ijoollee baadiyyaa ukkaamfamee hafe waan ta'eef har'a bor osoo hin jedhin jalqabamuu qaba jedha. Obbo Diimaa Abarraa gamasaaniitiin erga daddaraaroon adda citerraa eegalee deebisuuf ifaajaa jiraachuu dubbatu. Wiixinee sagantichi ittii qajeelfamu bifa haaraan qopheessanii Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa fi Miidiyaa Mootummaa Naannochaa OBNf kennanii akka turanii fi ammallee qormaati isaan mudachaa jiraachuu dubbatu. Hoogganaan Biiroo Aada fi Tuurizimii Oromiyaammoo daddaraaroo deebisuuf hojii akka eegalanii fi garuummoo hojii salphaatti itti deebi'amu akka hin taane dubbatan. Qaamni aartii fi seenaan Oromoo na galcha jedhu hundi tumsuu akka qabus gaafatan.
oduu-57309398
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-57309398
Waajjira MM Abiy Ahimad: 'Sagaleen 'dhoksaan waraabame' jedhamee gadhiifame 'sobaan kan qindaa'edha'
Sagaleen Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadidha jedhamee gadhiifame kan ''sobaan qindaa'eedha,'' jechuun Waajjirri Ministira Muummee ibse.
Sagaleen Ministirri Muummee Abiy ''miliqee bahedha'' jedhamee miidiyaa onlaayinii Keelloo jedhamuun Wiixata galgala gadhiifame daqiiqaa lama kan dheeratu yoo ta'u, MM Abiy waggoota itti aananiif aangoorra akka turuu hedan akeeka. Sagaleen kuni dhagahamee yeroo gabaabaatti ibsa kan baase waajjirri Ministira Muummee Abiy wanti ta'e kuni filannoo jala yeroo gahametti ''waldhibdee uumuuf kan kaayyeffatedha,'' jechuun himateera. Wantoonni sagalee isaaniiti jedhame keessa MM Abiy wanti dubbatan jedhame kan kana dura ifatti waa'ee filannoo Itoophiyaa dubbataa turaniin faallaadha. Sagaleen jedhame kuni yeroo Koreen Hojii raawwachiiftuu dhaabni biyya bulchu, Paartii Badhaadhinaa, torban darbe marii gaggeessetti kan waraabamedha jechuun hima miidiyaan gadhiise. Ta'us, BBC'n deeggarsa teknolojiin sagaleen dhugaa ta'uu adda hin baasne. Dabalataan, kanneen walgahii sanarraa qooda fudhatan dubbisuun sagaleen jedhame dhugaa ta'u hin mirkaneessine. Dhaabni biyya bulchus sagaleen gadhiifame ''kan walgahirraa fudhatame jecha tokkollee hin qabu'' jechuun balaaleeffate. Sagaleen gadhiifame maal jedha? Miidiyaan gara caalu sagalee qeeqxotaafi mormitoota MM Abiy Ahimad bal'inaan dhiheessuun beekamu Keelloo Miidiyaan sagaleen kuni ''dhoksaan waraabame'' jechuun ibse. Miidiyaan kun ''karaa odeeffannoo miliqsaniin'' akka sagaleen kuni bira gahe himeera. Ta'us, wantoonni ifa hin taane jiru. Walgahicharraa yoo waraabamee jiraate kanneen irratti hirmaatuu malan miseensota koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa itti gaafatama mootummaa olaanaa qabanidha. Sagaleen jedhame kuni qondaaltota kanaan haa ta'u qaama biraan akka jedhame akka bahu godhamuu ifatti hin ibsamne. Dabalataan, walgahii akkanaa irratti bilbila fudhatanii galuun eeyyamamuun isaallee hin beekamu. Miidiyichi sagalee kana gadhiisuu dura ''mootummaa waliin marii gaggeessuu'' hima. Qaamni mootummaa jedhame kuni kam akka ta'eefi dhimmi marii hin beekamne. Gama kaaniin, Waajjirri Ministira Muummee sagaleen kan MM Abiy ta'uu himuus yoomiifi eessatti akka waraabameefi kam waliin akka walitti qindaa'e ammatti gadi fageenyaan hin ibsine. ''Akkuma beektan sababoota hedduun filannoon akka dheeratuf badhaadhinni fedhii qaba ture,'' jechuun sagalee gadhiifame keessa MM Abiy waggaa dura waan ture dubbataa akka jiran akeeka. ''Osoo koronaan hin dhufne ta'eefi filannoon adeemsifameera ta'ee maal akka uumamuu danda'u tilmaamuun nama dhiba. ''Ammammoo filannoo taasifamuu dhabuun deebisee haala turerraa waan hammaatu akka hin uumamne filannoo akka filmaata tokkotti fudhanna,'' jechuun inni dubbatan wanta dhihoo dubbatame ta'uu akka malu akeeka. Yaadotni sagalee dhoksaan waraabame jedhame keessa dhagahaman dubbii MM Abiy Ahimad ifatti dubbataa turaniin faallaadha Waggaa darbe filannoon biyyaalessaa sababa weerara koronaavaayirasiin akka achi darbu murteen mootummaan murteesse kan deeggaran akkuma turan paartileen mormituu mormanis turuu ni yaadatama. Sagalee gadhiifame keessa humni polotikaa garaa garaa kan socho'u aangoo qabatuuf akka ta'e ibsuun, kaadiroonni dhaabichaa akka of eeggannoo taasisan yeroo MM Abiy dubbatan dhagahama. Dogongora raawwatan guyyuu gamaaggamuun akka sirreessan yeroo gorsan dhagahama. ''Faawuliin (dogongorri xiqqoo) illee balaadha,'' jechuun dubbatan. Dogongorri kuni garuu dhimma maaliin akka walqabatu baruun nama dhiba. ''Wanti na sodaachisu filannoo kanaan aangoo qabachuuf namoonni siyaasaa, paartileefi miidiyaaleen morkatan kan tilmaamtan ol humnoonni hedduu dhihootis fagootis jiru. ''Hanga waggoota 10 dhufanitti eenyuyyuu mootummaa ta'uu hin danda'u. Nan du'a malee aangoo hin kennu. Tarkaanfiiwwan hedduu ni fudhatamu,'' jedha. Mormii ummataan waggaa sadii dura aangootti kan dhufan Ministirri Muummee Abiy, filannoo dimookiraatawaa gaggeessuufi yoo mo'aman karaa nagaan akka aangoo kennan kana dura irra-deddeebiin dubbataa turan. ''Humni kanaaf qophaa'e hojii isaa eegaleera. Sababa kanaaf, walitti bu'iinsi, dhiiga lolaasuun olaanaa ta'e ni uumama. ''Haa ta'u malee, gamanumaa mirkana ta'ee kan isinitti himu shakkiis dhoksaas hin qabu filannicha mooneerra. Haala salphaan mo'anne. ''Hamma danda'ameen filannicha danqinee kanneen morkatan akka abdii kutatan gochuuf itti gaafatama olaanaa qabna. ''Qormaatawwan dabarsine waliin yoo ilaalamu kana galmaan gahuun baay'ee ulfaataa miti. Daandiin qofaa kuni akka rakkoo hin godhanneef itti gaafatama dachaa fudhannee osoo milkeessinee gaariidha jedheen yaada,'' jedha. Dubbii MM Abiy yeroo taasisan kanneen harka rukutan akka jiran sagaleen ni dhagahama. Dabalataan, sagaleen waraqaa fakkaatuufi jalaa shokoksuus akkasuma. Ta'us, deeggarsa teknolojiin sagaleen dhugaa ta'uu adda baasuun alatti BBC'n kanneen walgahii sanarraa qooda fudhatan dubbisuun sagaleen jedhame dhugaa ta'u hin mirkaneessine. Waajjirri MM Abiy maal jedhe? Waajjrri Ministira Muummee Abiy Ahimad haala kana dura baratamee hin beekneen sagaleen jedhame kuni gadhiifamee sa'aatii tokko osoo hin guutiin ibsa kan baase. Ibsa fuula tiwiitaraa isaarratti baasen wanti walgahii Paartii Badhaadhinaarratti MM Abiy dubbatan jedhame ''sobadha'' jedheera. ''Waajjirri MM torban darbe walgahii Badhaadhinaa irratti MM'n jedhamee fakkeeffamee faayiliin sagalee gadhiifame sobaan kan qindaa'eefi MM yeroo garaa garaatti kan dubbatan kutuniifi walitti fiduun [kan hojjetame] ta'u, odeeffannoo sobaa ta'u ni mirkaneessa.'' Dabalataan, ''Bara odeeffannoo sobaa kanaaniifi filannoon dhihaachaa jirutti, lammiileen odeeffannoowwan walitti bu'iinsa uumuuf kaayyeffatan duulawwan dogongorsaa akkanaan akka hin gowwomne ni akeekkachiifna,'' jedheera. Gama kaaniin, dhaabni biyya bulchu gamasaatiin deebii kenneen ''Kijiba kan ta'e, jecha walgahiirraa fudhatame tokkollee kan hin qabne,'' jechuun dubbii MM Abiy yeroo garaa garaatti kennan walitti fiduun qindaa'uu hime. Itoophiyaan torban sadii booda filannoo biyyaalessaa jahaffaa sababa koronaavaayirasiin waggaa darberraa as darbe ni gaggeessiti. Kello Media eenyudha? Miidiyaan yeroo gabaabaa dura hundaa'e kuni buufanni isaa biyya Ameerikaa Magaalaa Waashingitan ta'uu fuula Fesbuukii isaarratti ibseera. Miidiyaan kuni ''walaba'' jechuun of ibsa. Haa ta'u malee, deeggartoonni MM Abiy ''sagalee mormituuti'' jechuun ibsu. Kana dura, viidiyoon nama ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaan shakkamee dhimma isaa manni murtii hordofaa jiru mana hidhaati dubbisuu isaa ibsuun dhiheessee ture. Gaaffiifi deebicharra himatamaan jalqaba badii amanuu isaa jalqaba himameefi booda gaafa himannaan eegale 'hin ajjeefne' jedhe viidiyicha keessa ajjeechaa Hacaaluu keessa akka qooda hin qabne yoo dubbatu dhagahama. Gama kaaniin immoo baatii Guraandhalaa keessa Abbaa Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo dubbise jechuun gaaffiifi deebiin miidiyichi gadhiise boodarra soba ta'eera. Abbaa Gadaa Jiloon sagalee koo miti jechuun yeroos miidiyaatti bahanii dubbachuun isaanii ni yaadatama. 'Itti amannee baasne' Kaayyoo sagaleen gadhiifame kanaa yoo ibsan kanneen sagalee walitti fidan jedhan humnoota keessaafi alaan mootummaafi ummanni ija shakkiin akka wal ilaalu barbaadanidha jechuun Dubbii Himaan Paartii Badhaadhinaa himataniiru. Akka Dr Biqilaa Hurrisaa BBC'tti himanitti sagaleen kuni eessaa ciccitee akka walitti ida'ame ragaan agarsiisu ummataaf dhihaata. Miidiyaa sagaleetu na bira gahe jedheen faallaatti sagaleen kuni bakka tokko waraabame miti jechuun ibsaniiru. Gama kaaniin, hoogganaan Keelloo Miidiyaa Kiyyaa sanyii sagalicha ''qaama mootummaa keessaa arganne,'' jedha. Sagaleen kuni 'dhugaa' ta'u isaa qulqulleeffachuuf yaaluu isaanii hima. ''Nuti gama keenyaan hanga danda'ametti odeeffannoon kuni qulqulluu ta'u isaafi sirrii ta'u isaa itti amannee baasne,'' jechuun BBC'tti hime. Sagalee nutti ergame jedhan kana gama tekinolojiin qaamni qulqulleessuu barbaaduuf ''fuudhee qorachuu danda'a,'' jechuunis himu. Yoo dogongora ta'u isaa bira gahame garuu dhiifama gaafachuf qophiidha jechuun BBC'tti hime. Dr Biqilaan gama isaaniin kan sagalee kana walitti fide jedhan nama hojii isaa sirriitti hin beekne waan ta'ef ''hunduu sagalicha akkuma dhagahe hubachuu danda'a,'' jedhan. Sagalee yeroo garaagaraatti MM Abiy dubbatan walitti fiduun hima fakkeessuuf yaalan kan jedhan Dr Biqilaan, sagalee kamirraa citee fuudhame isa jedhu adda baasuuf hojjetamaa jiraachuu himan.
oduu-56203656
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56203656
Lola Tigraay: Loltoonni Ertiraa Aksumitti lammiilee nagaa 200 ol ajjeesuu Aminastii Intarnaashinaal ibse
Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti loltoonni Ertiraa baatii Sadaasa keessa guyyoota lama keessatti namoota dhibbootaan lakkaa'aman ajjeesuusaanii gabaasni Aministii Internaashinaal mul'ise.
Ajjeechaan Jumlaa A L I Sadaasa 19 fi 20, 2013 raawwatame kun yakka namoomarratti raawwatame ta'uu akka danda'u gabaasichi ibseera. Namni ijaan arge tokko ajjeechaa magaalicha keessatti raawwateen reeffi osoo hin kaafamiin guyyootaaf daandiirra turuufi waraabessaan nyaatamuu himeera jedha gabaasichi. Itoophiyaafi Ertiraan Tigiraay keessa loltoonni Ertiraa galuusaanii ifatti kan waakkatan yoo ta'u, gabaasa Aministii Internaashinaal kana irratti ammoo deebiin kennan hin jiru. Humnoonni TPLF Raayyaa Ittisa Biyyaa mootummaa Federaalaa Iizii kaabaarratti raawwachuusaanii hordofee A L I Onkoloolessa 24, 2013 ture lolli kan jalqabame. Ministirri Mummee duula kanaan namni nagaa akka hin ajjeefamne paarlaamaaf ibsanillee, namoonni hidhannoo hin qabnee caalaan isaanii dhiirota ta'an daandiirratti ykn manaa gara manaatti barbaadamanii loltoota Ertiraatiin ajjeefaman awwaaluu namoonni ijaan argan ibsaniiru. Gabsaani Aministii Internaashinaal kun suuraawwan saatelaayitii qulqullina ol-aanaa qaban bataskaanawwan magaalaa Aksuum keessatti bakkeewwan awwaalaa qofforaman agarsiisan dabalata. Toorawwan komunikeeshinii adda cituufi Tigiraay seenuun waan hin danda'amneef yeroo walitti bu'insa sana wantota raawwataman odeeffannoo argachuun rakkisaa ta'ee tureera jedha ibsi dhaabbatichaa. Tajaajilli ibsaafi bilbilaa Aksum ture walitti bu'insi eegalee guyyuma jalqabaa adda cite ture. Gabaasa kana waliin walqabatee... Gabaasa Aminastii Internaashinaal kana ilaalchisuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka jedhetti, kan dhumate ta'uu baatus taatee kanarratti qorannoo gaggeessaa akka jiru eere. Qorannoo jalqaba taasiseeen haleellaa jiraattonniifi hidhattoonni TPLF muraasni raawwatan hordofuun tarkaanfii haaloo ba'uu loltoonni Ertiraa fudhataniin namoonni nagaa lakkoofsi isaanii hin beekamne magaalattii keessatti ajjeefamaniiru jedhe. Haleellaan kun lotoota Ertiraatiin kan raawwatame erga loltoonni TPLF naannoo sana gadi dhiisanii ba'aniin booda ta'uusaa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera. Komishinichi, dabalataanis haleellaa meeshaalee waraanaa gurguddoon Tigiraay bakka gara garaatti raawwatameera jedhame ilaalchisees qorannoo gaggeessaa jiraachuu himeera. Mootummaan Itoophiyaa gabaasa Aminastii kanarratti amma yoonatti deebii hin kennine, garuu yakkoota naannoo Tigiraayitti raawwataman qorachuun eegalamu ibseera. Aminastii Internaashinaal bu'aa qorannoo kanaa De'eetaa Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaafi Dubbi Himaa Garee Labsii Yeroo Muddamaa dhimmi kana hordofuu kan ta'an Ambaasaaddar Rediwaan Huseeniif akka dhiyeesseefi dhimmicharratti deebii akka hin argatiin gabaasicharratti eeree jira. BBCnis gamasaatiin gabaasa Aministii Internaashinaal kana erga ilaaleen booda mootummaa Itoophiyaarraa deebii argachuuf jecha Pirees Sakireetaarii Waajira Ministeera Muummee karaa iimeeliitiin gaaffii dhiyeessullee yeroodhaaf hin milkoofne. Kun osoo kanaan jiruu, Roobii darbe walga'ii 46ffaa Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti haasaa kan taasisan Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaafi Ministirri Muummee Itti-aanaa Obbo Dammaqaa Mokonnon, biyyisaanii sarbamiinsa mirgoota namoomaa jiru jedhaman adda baafachuuf hojii barbaachisan ta'e akka hojjettu ibsaniiru. Obbo Dammaqaan dubbii dubbataniin, haleellaa dhimma saalaan walqabatu dabalatee sarbamiinsi mirgoota namoomaa dubbii mootummaan isaanii xiyyeeffannoo addaa itti kennan akka ta'e eeruun, "Kana ilaalchisee qorannoo barbaachisu taasisuun warreen gochawwan jedhaman raawwatan akka itti gaafataman gochuudhaaf murannoon hojjenna," jedhan. Aksum akkamiin qabamte? "Lixa Aksum irraan loltoota Itoophiyaafi Eertiraan haleellaan kan jalqabe A L I Sadaasa 10/2013 akka tahe jiraattotni ni himu. Haleellaan kun osoo adda hin citiin sa'a shaniif gaggeeffameera. Yeroo sana mannen amantaa, kaaffeewwan, hoteelotaafi mana jireenyaa isaanii keessa namootni turan ajjeefamaniiru. Magaalicha keessaa qaamni hidhatee haleellichaaf deebii kenne hin jiru. Haleellichi namoota nagaa irratti kan xiyyeeffatedha,'' jechuun hojjetaan mootummaa magaalicha jiraatu tokko BBCtti himeera. Kana waliin kan wal fakkaataniifi haleellaa meeshaa waranaa gurguddaan namoota nagaa irratti raawwate Aminestii Internaashinaal raga namoota baay'ee walitti qabeera jedha. Magaalittii to'annoo isaanii jala erga oolchaniis loltootni kan Eertiraa akka tahan himamu loltoota TPLF yookaan '' meeshaa kan hidhate'' nama kamiyyuu barbaadaa turaniiru jedha gabaasni Aminestii Internaashinaal. ''Mana mana irra deemuun ajjeechaa baay'een raawwateera,'' jechuun dubartiin tokko dhaabbata mirga namoomaa kanatti himteetti. Loltootni Itoophiyaafi Eertiraa, ''Aksum to'achuuf haleellaa raawwataniin yakki waraanaa baay'een raawwachuu,'' isaanii kan agarsiisu jira jedhan qondaalli Deepiroos Muchenaa. Sababni ajjeechaa kanaa maali? Namootni ijaan argan baay'een akka jedhanitti loltootni baay'een Itoophiyaa Aksum keessa turan. Loltootni Eertiraa ammoo gara magaalaa Aduwaa deemanii ture. Namni ijaan arge tokko BBCtti akka himetti, loltootni Itoophiyaa baankii yeroo saaman argeera. Aminestii Internaashinaal akka jedhetti loltootni Eertiraa torban booda deebi'anii yeroo dhufan hidhannoo guutuu kan hin qabne loltootni TPLF haleellaa raawwataniin lolli jalqabeera. Hidhattoonni TPLF 50-80 tahan Aksum keessa turan, loltoota Eertiraa gaara naannoo magaalichaatti dhiyoo jiru irra qubatan irratti haleella banan. Haleellicha irratti kan hirmaate dargaggoon ganna 26 Aminestii Internaashinaalitti akka himetti, "magaala keenya keesumaa loltoota Eertiraa irraa ittisuu barbaannee ture. Isaan akkamitti akka dhukaafamu beeku. Raadiyoo wal qunnamtiis qabu. Ani meeshaa waraanaa hin qabu. Ulee qofan qabadhee ture,'' jedhe. Lolichi sa'a meeqaaf akka ture addatti beekamuu baatus guyyaa sana waaree booda konkolaattonni fe'umsaa Eertiraafi taankiiwwan gara magaalaa Aksum galuu isaanii Aminestiin himeera. Namoonni ijaan argan akka jedhanitti loltoonni Eertiraa namuma argatan haleeluu jalqaban; namoota nagaa hin hidhanneefi dhiira karaa irra deemu argannaan hanga halkaniitti rasaasaan haleelaa turan. Dargaggoon umuriin isaa wagga 20 keessa jiru tokko ajjeechaa daandii magaalittii irratti raawwate Aminestii Internaashinaalitti yoo himu, '' Gamoo tokko irra darbii lammaffaa irra taa'een karaa foddaa yeroo loltooni Eertiraa dargaggoota ajjeessan argeera,'' jedhe. Loltootni sun kan Eertiraa ta'uun isaanii kan adda bahe uffata uffataniin yookaan lakkoofsa gabatee konkolaataa isaaniin qofa miti. Yeroo manaa manarra deeman afaan Arabiffaa fi loqoda Tigiriffaa dubbatan dabalateeti. ''Ajjechichi tarkaanfii ijaa bauudha'' jechun dargaggoon tokko BBCtti himeera. ''Nama argatan hundaa ajjeesaniiru. Manni banamee dhiira yoo argatan ni ajjeesu. Balballi yoo hin banamneef ammoo balbala irra dhaabbatanii dhukaasu.'' Mana shuubisaa halkanii tokko keessa dhokatanii yeroo turan loltoonni Ertiraa nama tokko ajjeesuu isanii akka arge kan dubbatu namni kun, "nama nagaadha, hojjetaa baankiiti jedhee isaan kadhataa ture," jedhe. Namni biraan ammoo Sadaasa 20 naannoo hoteela Abinnetitti namoonni jaha bakka tokkotti yeroo ajjeefaman arguu isaa Aminestii Internaashinaalitti hime. ''Sarara tokkoon akka dhaabbatan gochuun karaa duuba isaanii ture kan itti dhukaasan. Namoota lama beeka. Namoota naannoo keenya jiraataa turanidha. Meeshaan keessan eessa jira yeroo jedhaniin 'nuyi namoota nagaadha meeshaa hin qabnu' jechuun deebisaafii turan jedhe.'' Namoota meeqatu ajjeefame? Kanneen ijaan argan akka jedhanitti loltoonni Ertiraa reeffa lafatti kufetti namni akka hin dhihaanne dhorkanii turan, kanneen itti dhihaatanittis dhukaasuun ture. Firri dhihoo umriin isaanii 29 fi 14 ta'an jalaa kan ajjeefaman dubartiin tokko, "daandiin reeffaan guutamee ture,'' jechuun dubbatteetti. Aminastiin akka jedhetti, jaarsoliin biyyaafi loltoonni Itoophiyaa gidduu erga seenanii booda kanneen ajjeefaman guyyootaaf awwaaluun eegale. Jiraattonni hanga reeffa 10 erga takkaa fuudhaa gaarii fardaafi harreen harkifamaniin awwaalcha kan raawwatan Sadaasa bultii 21 ture. Hojjetaan mootummaa ijaan argan BBC'tti akka dubbatanitti reeffi Hoteela Abinnat jedhamu turan hanga guyyoota afurii osoo hin kaafamiin turaniiru. ''Hoteela Abinnatiifi naannoo siinimaa Siyaatil biratti reeffi kukkufan waraabessaan nyaatamee lafee qofatu argame. Lafee awwaalle. Aksum keessa namoonni 800 ta'an ajjeefamaniiru jedhee dubbachuu nan danda'a,'' jedhan. Ragaa akkanaa miidiyaa Asooshiyeetid Pireesitti kan dubbate Daaqoniin tokko reeffi baay'ee waraabessaan nyaatamuu dubbateera. Daaqonichi waraqaan eenyummaa kanneen du'anii kan tortoreefi jumlaatin yeroo awwaalamuus akka gargaare dubbata. Guyyaa haleellaan raawwate namoonni 800 ajjeefamaniiru jedhee akka amanu ibseera. Aminastii Intarnaashinaal kan dubbiseefi namoonni haleellaa gaafasiirraa hafan 41 akka ibsanitti, maqaa namoota ajjeefaman jedhan 200 ol himaniiru. Awwaalcha booda maaltu ta'e? Kanneen ijaan argan akka jedhanitti, ajjeechaa booda namoonni hedduu magaalicha gadhiisanii waan deemaniif loltoonni Ertiraa saamicha raawwataniiru. Yunivarsiitii, manneen dhuunfaa, hospitaalota, magaazina midhaanii, gaaraajii, baankiiwwan, buufataalee gabaa, manneen daabboofi suuqiiwwan saamichaaf saaxilamaniiru jedhameera gabaasni Aministii Internaashinaal. Namni manni obboleessa isaa jalaa saamame tokko loltoonni Itoophiyaa saamicha loltoota Ertiraan raawwata jedhame akkamiin dhaabuu akka hindandeenye Aminastii Intarnaashinaalitti dubbateera. ''Televizhinii, konkolaataa, firiijii, firaasha jaha, shaqaxaafi zayitii, daakuu xaafii, uffatoota, biiraa firiijii keessa ture, laaptoppiillee,'' fudhataniiru jedhe. Jiraataan magaalichaa tokko BBCtti akka dubbatetti konkolaattoonni 15 qabeenya daldaltoota magaalattii ta'an akka fuudhaman nan beeka jedhe. Kunis, namoonni magaalaa Aksum gadhiisuun deeman lubbuun jiraachuf dhiheessii nyaataafi qorichaa waan dhabaniif rakkoof isaan saaxila jedheera Aminastiin. Saamichi paampii bishaan harkisuurratti raawwate jiraattonni bishaan lagaa dhugaatiif akka fayyadaman dirquu kanneen ijaan argan himaniiru. Magaalaa Aksuum Magaalaan Aksum Taabota duriin ala Taabotiin Abboommiiwwan Kurnan irratti barreeffaman bataskaana magaalaatti keessa jiru Aksuum Tsiyoonitti argama jedhamee amanama. Kanaanis, hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Itoophiyaafi addunyaa guutuurraa walitti dhufan guyyaa taabonni Qulqulleettii Maariyaam Sadaasa 21 bahu itti kabaju ture. Lola naannicha keessa turerraa ka'een garuu waggaa kana ayyaanichi akkaataa baratameen osoo hin kabajamiin hafeera. Magaalaa Aksumitti hojjetaa mootummaa kan ta'an namni tokko BBC'tti akka himanitti loltoonni Ertiraa Sadaasa 24 gara bataskaanaa deemanii ''luboota sodaachisuun fannoowwan warqiifi birriirraa hojjetaman akka itti kennan dirqisiisanii turan,'' jedhan. Ta'us, diyaaqonoonniifi dargaggoonni biroo taabota tiksuuf gara bataskaana deemuu dubbatu. ''Jeequmsa guddaa ture kan dhalate. Dhiironnis dubartoonnis isaan morman. Isaaniis dhukaasanii muraasa kan ajjeesan ta'us hambaalee keenya hambisuu keenyatti gammachuu qabna,'' jedhan. Gabaasa biyyoonni garaagaraafi dhaabbileen adda addaa baasan keessatti loltoonni Ertiraa lola Tigraay keessatti hirmaachuun isaanii kan ibsame yoo ta'u kana mootummaan Itoophiyaas ta'e Ertiraa hin fudhatani. Eessaa ka'ee as ga'e? Lolli Naannoo Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Izzii Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale. Lola kanaan boodas aanga'oonni TPLF fi dureewwan humna waraana naannichaa haleellaa buufata Izzii kaabaa irratti raawwatamee keessaa harka qabu jedhaman, akka to'atamaniif Komishinii Poolisii Federaalaafi Abbaa Alangaa Federaalaatiin ajajni irratti ba'un ni yaadatama. Kana hordofees aanga'oonni TPLF muraasni to'atamanii kaan ammoo ajjeefamuu mootummaan yeroo garaa garaatti beeksisaa jira. Kanneen to'annaa jala oolfaman mana murtiitti dhiyaachaa kan jiran yoo ta'u, yakka biyya ganuu, haleellaa buufata waraana Izzii kaabaa irratti raawwachuufi meeshaa waraanaatti fayyadamuun fincilaafi hokkora kakaasuu jedhuun shakkamuun himataman. Sababa lola kanaatiin, lammiileen kuma 60 caalan daangaa qaxxaamuruun gara Sudaaniitti yoo baqatan, kan miliyoona 4.5 ta'an ammoo naannicha keessatti deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta'uu UN beeksiisee ture. Erga mootummaan federaalaa Maqalee to'atee booda opireeshiniin waraanaa xumuramuu ibsuus ammallee bakkeewwan naannoo Tigraay muraasatti walitti bu'iinsi akka jiru gabaasaaleen ni ibsu.
oduu-54500226
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54500226
Gaaffiiwwan abbootii alangaa naannoo Tigraay deebii dhaban maal fa'ii?
Abbootiin alangaa naannoo Tigraay kanneen nannoo biraatti argaman waliin hojii walfakkaataa hojjatanillee miindaafi faayidaa argataniin garuu addaa adda.
Gaaffiiwwan abbootii alangaa naannoo Tigraay deebii dhabe maal fa'ii? Abbootiin alangaa naannoo Tigiraay kaffaltaafi faayidaawwan gara garaa isaaniif mala argachaa akka hin jirre komii cimaa kaasaa jiru. Akkasumas, gahee ogummaa isaanii qixa barbaachisuun akka hin ba'aneef dhimmi siyaasaa gidduu seenuun hojii isaaniitti danqaa ta'uu BBC Tigrinyaan abbootii alangaa naannichaa dubbisuun gabaaseera. Gaaffii mirgaafi haaqaadha jedhan kanas Biiroo Haqaa naannichaatti baatiiwwan dura galfatanilleen deebii sirri kan hin arganne ta'uu dubbatu. Nageenya isaatiif jecha maqaan isaa kan geedarame Obbo Daani'eel, abbootii alangaa kanneen naannoolee biraa keessatti argaman irraa aaddatti mindaan abbootii alangaafi aabbootii seeraa naannoo Tigiraay komii amma umammeef ka'umsa akka ta'e ibsan. Abbootii alangaa naannooleefi Federaalaatti argamaniif ji'aan mindaan Birriin kuma 15-20 yoo kaffalamuuf, isaaniif Birrii 8,700 qofaan akka kaffalamuuf himu. Garaa garummaan kunis Waxabajji darberraa kaasee yoo ta'u innumaattuu kan naannoo Oromiyaatiif kuma 18-21tu kaffalamaaf jechuu fakkeenyaan ibsu. Tigraay godina Kibba Bahaatti haadha alangaa ta'uun kan hojjattu Tizitaa Geetachoo gamasheetiin garaa garummaan baatiiwwan muraasaan dura uumame kun akka sirratuuf gaafatanilleen kan dhagahu dhabuu dubbatti. ''Hojii walfakkaatuuf mindaa walfakkaataan labsamulleen, nuti kaffaltii gadaanaa arganna. Baatiiwwan torbaafi saddeetiif oliif Itti-gaafatamaa Biiroo Haqaa naannichaa gaafanneera. Hanga ammaattis deebii hin argannee,'' jetti. 'Jireenyi keenyaa kan guyyaa guttachuu qofa ta'eera' Garaa garummaan kun kanneen naanoolleefi Faderaalaatti argaman waliin qofaa osoo hin taanee, naannichatti abbootii seeraa mindaafi faayidaalee walfakkaatu waliin argataa turan waliinis ta'uu himu. Obbo Daani'eel, "Abbootii seeraa nannichaatiif daballii mindaa %80 hanga 100 ta'utu taasifame. Garaa garummaan abbootii alangaa naannooleefi kan Federaalaa jidduu jiru kan uumame haala siyaasaa xiyyeeffannaa keessa galchuun waan ta'eef isin hin dabballu jedhameera,'' jechuun deebiin kennamuuf ibsu. "Naannichatti osoo abbootii seeraatiifi daballiin mindaa hin taasifamneef ta'e, sababiin 'ilaalaa jirra jedhan' sun kan amansiisu ta'uu mala ture. Tokkoof dabaluun kaan irratti loogii taasisuun gonkumaa sabab ta'uu hin danda'u. Daballi miindaa abbootii seeraa qofaaf osoo hin taanee kaabinootaafi hojjattoota abbootii alangaa deegaran hundaaf kan taasifame. Abbootiin alangaa garuu miindaa isa waggaa afur duraatiin jiraachaa jirra," jedhan. Abbaan alangaa biraa Mu'uuz Tsagaayee gamasaatiin, gaaffii walqixxuummaa kana gaafachuusanitiin, itti-gaafatamaan Biiroo Haqaa naannichaa 'mindaa abbootii seeraa hir'ifna malee isiniif mindaa hin daballu' jechuu isaanitiin kaan isaanii abdii kutachuun hojii dhaabuu dubbata. ''Abbootiin alangaa ummata tajaajiluuf jecha qaalaa'insa jireenyaatiin rakkataa hojjachaa turreerra. Amma garuu hawaasa ilaalchi akkasii keessatti uumame keessatti haala eegamuun tajaajiluu hin danda'u. Jireenyi keenyas kan guyyaa guuttachuu qofa ta'eera.'' Abbootiin alangaa baayyenis hojii dhiisuun gara ogummaa abbokaatummaatti hayyama baafataa jiru. Iyyata barreessuu qofaanis mindaa amma argatan caalaan kan argatamu ta'uu ibsaniiru. 'Motummaa kennee kadhatu qabna' Itti-gaafatamaan Biiroo Haqaa naannichaa Obbo Amaanu'eel Asaffaa gaaffii abbootiin alangaa naannichaa kaasan sirrii ta'uu himuun, gaaffii isaanii deebiisuuf 'miindaa abbootii seeraa hir'suuf ykn ilaalaa jirra' jedhan kan jedhame ''dhara'' jechuun BBCtti himaniiru. "Ilaalamaa jira jechuun keenya hin haallu. Daballiin miindaa isaan hin ilaalattu jechus miti. Akka miindaafi faayidaaleen dhiphatan hin barbaadnu. Ka'aa kan jirus, ammatti hanga kanaa malee sun nuuf hin ta'u, hangas ta'uu qaabaata kan jedhuudha. Kanaafuu, maal haa jennu? "Qabeenya mootummaa kan beeknu qaamoolee mootummaati. Osoo hammaarree kennuu kan dandeenyu ta'e, qaata kenniineef turre. Garuu mootummaa kennee kadhatu kan qabnu,'' jechuun ibsuu yeroo ammaatti abbootiin alangaa walitti buusuun mootummaa naannichaa deegaruuf gaafatamusaanii kaasuun. Bilisummaa dhaabbata abbootii alangaa "afuura baafannaa hin qabne'' Abbootiin alangaa naannichaa haala jireenya amma jiruun wal qixxummaa miindaafi faayidaaleetiif gaaffii dhiyeessan malee, muummeen giddu-galummaa siyaasaafi muudamni siyaasaa bilisummaa isaan dhorkuun hojiisaaniitti danqaa ta'uu himu. Abbaan alangaa jalqabumarraa walaba ta'e ijaaramuufi mirgasaatiif ofiin murteeffachuu yoo qabaatu, itti-waamamummaansaa kaabineetti ta'unsaa jalabumarraa akka dhiibbaan siyaasaa irratti taasifamu waan yaadameef ejjannoo jedhu qabu. Kanaafuu, itti-waamamummaan abbaa alangaa kaabineen ala akka ta'u gaafatu. Obbo Daani'eel gama isaatiin, ''Bilisummaan dhaabbata kan jedhamu hin jiru. Kantiibaa ykn kaabiinee kamiyyu dhufee ija sitti baasa. Kanaafuu, dhimmoota siyaasaa bilisaan murteessuun baayyee rakkisaadha,'' jechuun gaaffiin miindaa amma ka'ees, bu'aa rakkolee bilisummaa dhaabbatummaa turan kan biraa ta'uu kaasu. ''Qondaalli olaanaa si himachuu yoo barbaade qaawwa heduuti jira. Murtee tasiftuun sirrii miti jedhee si himachuu ykn si ari'achuu danda'a. Dhimmi bilisummaa jedhamu hin jiru. Wabii omaa hin qabu waan ta'eef baayyee rakkisaadha,'' jedha. 'Miseensa TPLF akka taanuuf dirqisiifamna, miindaarraas ni kutama' Danbii ittiin bulmaata abbootii alangaa naannichaatiin abbootiin alangaa miseensa paartii siyaasaa kamuu ta'uu akka hin qabaannee labsamuu kan dubbattan ogeessoonni seeraa kunneen, Itti-gaafatamaan Biiroo Haqaa mataansaa miseensa paartii naannicha bulchuu waan ta'eef abbootiin alangaas akka miseensa TPLF ta'aniif dhiibbaa akka irraan gahan BBCtti himan. Girmaay Kaahisaay godina Kibba Bahaatti ogummaa abbaa alangaatiin hojjataa kan jiran yoo ta'u, kanneen osoo miseensa paartii hin taanee mindaasaanii jalaa kutamu keessaa tokko. "Warri faayinaansii kallattiin maallaqa keenya gara akkaawuntii baankii keenya galachu ture. Amma garuu yeroo sadaffaaf mindaa keenya kutan. Akka nuuf deebiisan gaaffannulleen nuuf hin deebiifne,'' jechuun maaliif miseensa paartichaa hin taatan jedhamuun akka gaafaman dubbatu. Itti-gaafatamaa Biiroo Haqaa Obbo Amaanu'eel garuu komiin kun ''dhugaarraa kan fagaateedha,'' jedhu. "Ogeessa seeraa tokko miseensa paartii ta'uun seera ammoo seeraan ala jechuun eenyumtuu akka itti himu hin barbaachisu. Ofii barbaadaniiti kan miseensa ta'amu. Akkasumattis miindaan kutamus hin jiru. Mindaan fedhiisaaniin ykn seeraan kan kutamu,'' jechuun deebii kennan. Labsii sagalee abbootii alangaa 'ukkaamse' Biiroon Haqaa naannichaa seera ittiin bulmaataa haaraa baatii Hagayyaa darbe keessa ragaasiseera. Abbootiin alangaa garuu seera kanarratti marii akka hin taasifne BBCtti himaniiru. Dhimma kanarratti karaa miidiyaa hawaasummaatiin komii akka hin dhiyyeessineefillee, seericha keessatti barreefama ogummaafi naamusa abbootii alangaatiin faallaa ta'e barreessuufi suura maxxansuun naamuusa cabsuu akka ta'u labsicha keessatti hammatamuu ibsu. Walqixummaan miindaa danbii duraa keessa ture kan ammaa keessa akka hin jirre kanneen BBCn dubbise ni himu. Abbootiin alangaa baatiiwwan muraasa darbaniif sirreeffama miindaaf gaafataa turanis baatii Fulbaana gara dhumaatti hojii dhaabuuf sochii taasisaa turanis, akkuma guyyaan jedhame dhiyaatuun dhiibbaan waan irratti cimeef dabarsuu isaanii dubbatu. Abbootiin alangaa danbii lakkoofsa 104/2-12 boqonnaa 68(21) kan bulan yoo ta'u, haala Seera Adaba Yakkaa biyyattii 421tti hojjataan kamiyyu mormii hojii dhaabuu gaggeessuu akka hin dandeenyee labsuun, kan kana cabse ykn kaan akka mormii gaggeessaniif kan taasise seerichaan itti gaafatamaa ta'ee birri kuma tokko akka adabamu jiraachuu ibsu. Kana dura danbiin haaraan yoo ragaassifamu sadarkaa naannootti abbootiin alangaa irratti marii kan taasisan ta'u komii kan kaasan, amma garuu labsii haaraan gaaffii mirgaa baatiiwwaniif kaasaa turaniifi sagaleesaanii ''ukkaamsuu'' osoo hin beekiin akka raggaasifamu taasifamuu akka isaan aarsee abbaan alangaa Mu'uuz Tsagaayee ni dubbata. ''Labsiin haaraan kun erga nuti gaaffii kaafnee booda kan foyyeeffameedha. Innis faayidaalee labsii bara ALI 2011 irra ture kan haqeefi addabiiwwan akka barreeffamaafi suuraa 'ogummaa naamusa abbaa alangaa faalleessan' maxxansuun adabsiisuu kan hammateedha,'' jedhu Mu'uuz. Kunis abbootiin alangaa qamaan deebii dhaban karaa miidiyaalee hawaasaatiinilleen akka hin gaaffannee, biiroo haqaafi bilisummaa isaaniif gaaffii akka hin kaafneef rakkoolee jiran akka hin saaxilleef itti yaadamee seera haaraa baheedha jechuun ibsu. Yunvasitii Maqaleetti prof. Walta'aa Koleejjii Bulchiinsaafi Seeraa kan ta'an Yamaanee Kaasaa danbiin haaraan kun haala qabatamaa jiruu xiyyeeffannaa keessa waan hin galchineef ''tarkaanfii ukkaamsuu'' mirga yaada bilisaan ibsachuurratti fudhatameedha jechuun ibsaniiru. "Abbootiin alanagaafi abbotiin seeraa haala seektaroota sivilii kaaniin adda ta'een danbii ittiin bulmaataa (Code of Conduct) kan qabaniidha. Haata'u malee, miidiyaa hawaasumaa fayyadamuun qaamoolee murteessoo irratti dhiibbaa taasisuu waan hubataniif jecha afaan qabsiisuuf jecha seera bahee malee yoo barreeffama danbii naamusaa cabsuu bareessan isuma tureen akka gaafatamu gochuun ni danda'ama ture," jedhu. Kunis rakkina sirnichaa isa guddaa ta'uu kan dubbatan Prof Yamaaneen, seerri duuchaadhumatti baha. Seeroonni amma bahaa jiran garuu kan garee tokko irratti xiyyeeffate fakkaata jechuun taajjabbiisaanii ibsu. "Seerri amma bahees abbootii alangaa mirgasaanii kabachiifachuuf miidiyaa hawaasumaarratti bareressan hojiirraa ari'achuuf ni dandeessisa. Ani akka tarkaanfii ukkaamsuu mirga bilisumman yaada ofii ibsachurratti taasifameettiin ilaal," jedhaniiru. Muudamni siyaasaa hanga oomiitti? Abbaan alangaa biyyattii haqa barbaaduu keessatti, yakka himachuufiqulqulleessuurratti walaba ta'ee akka hojjatuutti caasaan kana dura ijaaramee ture akka haarraatti 'seera abbaa alangaa waliigalaatiin' geedarameera. Biyyoota biraaattis waajjirri Haqaafi Abbaan alangaa garaa garaa ta'usaanii kan himan oggeessoonni kunneen, dhaabbileen kunneenis oggansa walabaan ogganamu qabaata ture jedhu. Naannoo Tigraayitti burjaaja'inni mootummaafi paartii jidduu jiruufi mudamni siyaasaa sirna haqaa naannichaa akka balleesse qaamooleen himan jiru. Naannichatti waajiraaleen abbaa alangaafi haqaa muudamtoota siyaasatiin hogganamuun hojiisaaniirratti dhiibbaa taasisuu himu. Seerri abbootiin alangaa miseensa siyaasaa akka hin taanee labsuulleen hoggansi miseensa paartii ta'uunsaa dhiibbaa qabaachuu hima Obbo Gu'uuz. Kana malees,miseensa koree jidduu galaa TPLF kan ta'an ittigaafatamaan Biiroo Haqa naannichaa oggeessoota isa jalatti argaman akka miseensa paartichaa ta'aniif dhiibbaa irraan gaha jechuun himatu. ''Kun akka hiikamuuf irra deddebiin gaaffanulleen furuu hin dandeenye,'' jedhu. Adeemsi qabatamaan jiru haala ''baranneefi haala hubaannee osoo hintaane, akkasumas haala waadaa hawaasa tajaajiluuf galeen osoo hintaane, abbootiin alangaa tajaajiltootaa qaama tokkootti'' ilaalcha jedhu kan umuudha jedhu abbaan alangaa Girmaayi. Akka qaama saddaffaa mootummaatti mana murtii qofatu bilisummaa murteessuu heera mootummaa qaba jedhu itti-gaafatamaan Biiroo Haqaa naannichaa Obboo Amaanu'eel. Haata'u malee, haqni qaama raawwachisaa mootummaa tokkoo waan ta'eef qaamni raawwachiisuu wayita mootummaan barbaadeetti himannaa adda kutuuf aangoo seeraa akkuma qabu, yakkii yoo raawwatames ta'e himannaan naaf haa banamu jechuun gara poolisii dhimmi ilaalatuutti akka dabarsu dubbatu, Akka itti-gaafatamaan kun jedhanitti aangoonni abbaa alangaa himachuu qofaadha. Yaadni qaamooleen haqaa siyaasaafi gidduugaluu mootummaarraa bilisa ta'uu qabu jedhu dhugaadha kan jedhan Obbo Amaanu'el, yaada 'muudamni siyaasaa sirna haqaa dabsa' kan jedhu garuu hin fudhatan. 'Prof. Yamaan garuu ''muudama Dr Geediyoon Ximootiyoos Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa kan 'miseensa paartii hin taane'' akka fakkeenyaatti kaasa. Gama biraatinis ogganoon paartichaa filannoo naannoo irratti TPLF filadhaa jechuun duula gaggeessaa kan ture, gama biraatiin ammoo ittigaafatamaa biiroo haqaa ta'uun gaaffii abbootii alangaatiif deebii yoo dhowwatu, 'fedhii qaama aangoo siyaasaa qabatee guutuuf kan duubatti jedhuu miti,'' jechuun mudama siyaasaafi bilisimmaa dhaabbataa akka walfaalleessan ibsa. Carraa sirna haqaa Tigraay? Naannichatti komiiwwan haqaafi rakkoolee bulchiinsa gaariitiin miidhamneera jedhan dhagahuun haaraa miti. Kunis dhimmi paartiin TPLF mataansaa amanuudha. Adeemsi akkasii kunis sirna haqaa naannoo Tigraay kan abbooti alangaa 500 qanuu duubatti kan deebiisu ta'u kan ibsan jiru. Abbaan alangaa Daani'eel abbootiin alangaa naannichaa dhiibbaa dacha isaan irra gahuun kan ka'ee, ummata tajaajiluuf fedhii qabaatan illeen, motummaa tokko jala ta'uun haqa dhabuunsaani akka hamleen hojiisaanii hir'atuu taasiseef haala eegamuun tajaajilu yaada jedhu akka hinqabne hima. Biirokraasii ballaatu jira jedha. Abbootiin alangaa naannichaa haqaa haa hoojatan malee ofiisaanitiifuu sodaaa keessa akka jiraatan ibsa. Daani'eel ''Ummataaf haqa argamsiisuuf qabsaa'aa nuti mataan keenya biirokiraasiin miidhamaa jirra'' jedha. Hayyuun Yunvarsitii Maqalee Prof. Yamaana Kaasaa gama isaanitiin, gaaffii abbootee alangaa ukkaamsuuf ykn sidaachisuuf yaaluun naannoo Tigraayi kan rakkina haqaa qabdu keessatti rakkina dabalataa uumuudha jedhu. Waan ta'eefu motumaan waamee marisiisuun dhimmichi atattamaan akka hiikamu barbaadu. Kanaan alatti yeroo yoo fudhate garuu hir'inni naanichaatti mull'atu cimaa adeemuun, haqni akka harkiifatu, mormiin akka ta'uufi akka baduu akka taasisuu danda'u yaada oggummaasaanii kennu.
oduu-56053581
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56053581
'Waggoota 20'f sababan maqaakoo dhokfadheef'
Maqaan keenya eenyummaan keenya kan ittiin baramuudha. Maqaan keenya beekamnaan eenyummaan keenya sirriin ifa ta'a. Kanaafuu, namoota kaan gammachiisuuf jecha maqaa keenya yoo geeddarannu dhiibbaan inni qaqqabsiisuu danda'u attamiin ibsama? ' Eenyummaa kiyya isa guddaan dhokse'
Apiiyaah- Daankuwaah maqaashee deebiifachuuf waggoota 20 itti fudhate "Walakkeessa baroota 1980 fi jalqaba 1990tti Landan keessatti guddachuun waan laayyoo hinturre,'' jetti Miriyaam Apiiyaah- Daankuwaah. Dabaluunis ''Wayitan sadarkaa tokkooffaa barataa turetti ijoollee gurraachota shan keessaa tokko yoon ta'u, mucaan lammii Hindii tokkoos turte. Kan hafan huundi adii turan,'' jechuun yaadatti. ''Yaadannoon kiyya tokko wayitan olmaa daa'immanii turetti haati kiyyaa 'Tiiwii' jechuun na waamte (afaan Gaanaatiin hiikaa qaba). Yeroo sana tarii kan waggaa sadii ykn afuriin ture. Afaan sanas asitti hindubbannu ture. ''Nan yaadadha ijoollee gurraachota waliin ta'u kiyyaafi haalli rifeensa kiyya itti hojjatamu adda waan tureef barattoonni hundi natti qoosaa turan,'' jechuun waan keessa dabarte yaadatti. Wayita barnoota sadarkaa tokkooffaa galtuutti maqaa Miiriyaam Apiiyaah- Daankuwaah jedhu mana barnootaattiis ta'e dabatara ishe irratti barreessuu dhaabde. Kunis kan ta'e ammoo waan barsiiftonni ishee maqaasheetti akka hinfayyadamneef ajaja kennaniifiidha. Kanaafuu waraqaawwan ragaa isaan dura argatte hunda irraa maqaashee balleessuu eegalte. ''Baayyeensaanii Biraawon, Isimiiz, Waayit ykn Joonsi jedhamanii yoo waamaman kan koo qofatu maqaa dheeraa ture. Kanaafuu kun akkan Afriikaa ta'ee waan adda baasuuf maqaa kiyya dhoksuuf murteesse. ''Yunvarsitii bahees hojii eegale. Daankuwaah gutummaa gutuutti bade. Eenyumtuu hinbeekus ture. Sababiinsaa sanadawwan seera qabeessoo ta'an hunda irraa haqeen ture,'' jetti attamiin akka maqaashee geeddarte yoo yaadattu. Haata'u malee Waxabajjii darbe wayita duullii 'Black live Matters' gaggeeffamutti waggoota 20 booda Miiriyaam yeroo jalqabaatiif maqaashee guutuu fuula instaagirama isheerratti barreessite. ''Ajjeechaan Joordi Filooyiidiifi itti aansees mormiin gaggeeffamee anaaf bilbiltuu nama damaqsu ture. Eenyummaa kiyyaa isa guddaa dhoksee ture naaf ibse. Kunis eenyummaa fi gurraachummaa kiyya kan hammatuudha,'' jetti shammarreen waggaa 34 fi oggeettiin herreegaa tun. ''Duti isaas bilbila dhumaaf kan hedduu gara fuulduraatti fideedha. Tarii hedduu keenya kan gara eenyummaa keenya dhugaatti deebiiseedha. Gurraacha waan taaneef ofii keenya cunqursaa turre. Nagaa buusuu filachuun gurraacha waan taaneef wantoota fudhatama dhabsiisu jennee yaadnu dhoksaa turre. ''Yaadni naaf dhufees waggootaaf jireenyiin jiraataa ture kan sobaati. Haala sanaan itti fufuu waanan hindandeenyeef haalaan itti jiraachaa ture sakkata'uun dirqama ture.'' Miiriyaam barreeffama eenyummaa ishee guutuu ibsu erga qooddeen booda bilisummaatu natti dhagahame jetti. Barreefamichis kan hunda caalaa jaalatameefi kan yaadawwan 'jabaadhu' jedhan hedduu argate ture. ''Kan miira tuqu ture. Kanaafuu boheen ture,'' jetti. ''Kunis anaaf akka waan ofiif dhiifama taasisuu ture'' jetti. "Apiiyaah jechuun guddaa jechuu yoo ta'u Daankuwaah jechuun ammoo jireenya bara baraa jechuudha. Kanaafu kun maaliif dhokata? Kun maqaa kooti, ana jechuun akkas.'' 'Rakkina eenyummaan qaba ture' Raakiishaanaa Kaanwaal Ijaaz dhalatte kan guddattee Ingliizii Barmiinghaamiitti yoo ta'u, maatiii Paakistaanii baqatanii dhufan irraa dhalatte. Akkuma Miiriyaam sana Raakiishaanaanis maqaa ishee dhoksuuf yaalii kan eegalte mana barnootaatti. Maqaa kaan wayita dubbisaniifi waaman ni salphataaf jetteetti geedaruun galmoofte. Sababiinsaas barsiiftonni tokko tokko maqaashee Raakiishaanaa jedhu qubee hirriisuun Raakshaanaa ykn Raakisaanaa jedhu turan. ''Ayi! Barreeffamu kan qabu akkanatti yoon jedhuun hanga ta'e ni dheekkamu turan. Kaan waan ija jabaadheetti na jalaa lakkaa'amas ture'' jetti. ''Kanatu akkan maqaakoo jibbuu na taasisee jedheen yaada. Kanaafuu yoon guddadhe maqaakoo nan geedara jedhuun maatii kiyyatti qoosaan ture,'' jetti. Shamarreen waggaa 27 abbaasheenis ta'e hawaasichaan maqaan moggaafamus rakkoon mudateera. ''Maqaankoo kan baramee miti. Namoonni baayyeen maqaan kee essaa dhufee jedhanii na gaafatu turan. Kaanfuu hangan sirriitti hubadhuutti rakkina eenyummaa keessa galeen ture. Namoonni beeku osoo hinhafnee na waamuuf waan rakkataniif anaaf cimaa ture,'' jetti rakkina maqaasheetiin itti dhagahame yoo ibsitu. Raakiishaanaan akka jettuuttis miirri gadaantummaa sababii kanaatiin itti dhagahamu yunvarsitii wayita baratuuttis ta'e hojii hanga eegaltuutti waliin ture. ''Maqaakoo hinjibbu. Garuu ammoo walsimsiisuun qaba ture. Hirriyoota kootiin 'Rooksii' jechuun na waamaan jedhaan. Kanaafuu hojiiwwan muraasaan booda maqaa Rooksii ykn Rookosaanee jedhamuun beekame. Kanaafuu eenyumtuu maqaakoo dhugaa hinbeeku ture. Yoo duuba deebiise yaadu, osoo na hinbeekiin turunsaanii hangam kan nama aarsuu ta'un yaada,'' jetti. Raakiishaanaan yeroo dhohoo asiitti maqaashee geeddarachu beeksisuu kan eegalte. Eerga heermteen booda ammoo maqaan abbaa warraashee boodaan dhufuu waan qabaatuuf, isumaan murteessite itti fufte. ''Maqaa abbaankoo maaf baase dhabu hinbarbaadu. Kaanwaal jechuun daraaraa bishaan irraa jechuudha. Yeroo hunda akkasiin nawaama. Maqaakoo dhiisee maqaa abbaa warraa koo qofaan murtaa'u hinbarbaadu. ''Sababiinsaas eenyummaan kiyya abbaa warraatiin duraa eenyummaa kiyya ammaatiif gahee olaanaa qaba. Garafuula duraatti ni ta'a. Kanaafu qaama eenyummaa kiyyaa sana dhabu hinbarbaadu. Maqaan humna baayyee baata'' jetti. Abbaa ishee bara darbee boqachuu kan himtu Raakiishaanaan, ''Abbaankoo yeroo hunda maqaakootti ni boomu turan. Haata'u malee hanga dhiyootti maqaansun maaliif akka naaf moggaafame naaf hingallee ture,'' jetti haati ijoolle lamaa Raakiishaanaan. ''Amma garuu sababii eenyummaa kootti miira boonuutu natti dhagahamaa jira. Wanitti abbaan koo naaf taasisan hundi na boonsa. Warra kaan gammachiisuuf jecha maaliif akkan waggoota 2o'f maqaakoo dhoksuun maraachu ta'utu naaf gale,'' jetti. Namootaaf jedhamee eenyummaa ofii geedaruun akka hinbarbaachifne kan himtu Raakiishaanaan, ''dadhabii warra kaaniif jecha maqaakoo dogongorsuu dhaabeera'' jette. Yoo yaalamee maqaan waamamu hindanda'amne akka hinjirrees dubbati. 'Maqaa mijatu gochuuf barbaadaan ture' Giriigiriijii Raachars kan dhalate biyya Jarmaniitti yoo ta'u,maqaan haatiisaa kan lammii Cheek moggaafteefis maqaa Raashiyaati. Innis wayita waggaa 15 jiruu wayita barnootaaf gara Yunaayitid Kingidamiitti ergameetti maqaasaa geeddarachu dubbata. ''Maqaankoo Girii-go-riijii jedhamee dubbifama. Afaan Ingliiziin yoo ta'u ammoo Kiraayiing- Riij ta'a. Kanaafu akka daa'ima nageenyi isaa yaaddeessu tokkootti kan mijatu gochuuf maqaakoo geedaradhe'' jedhan dargaggoon waggaa 33 kun. ''Mana barnotichaa keessatti barattoonni maqaa kiyyaatti qoosaniifi ittiin bohaaran hedduutu ture. Tokko tokkoos maqaakoo sirriin hinwaaman. Kanaafu nagaa qabeessa jedhee hinyaaduun ture,'' jedha mudannoo maqaasaatiin isa mudate yoo yaadatu. Ijoolluummaa isaatti taatuu filmii ta'uuf yaadaa ture. Indastirii filmiittif ammoo maqaa salphatu wayya jedhee waan yaadeef, maqaasaa tokkoo geedare. ''Anaf hangas dhimma sodaachisaa hinturre. Kana kan raawwadheef namootaas akka waamuuf mijatuuf yaaduun kan ka'eedha malee.'' Haata'u malee erga guddatee umurii dargaggummaa irra gaheen booda maqaasaa geedarachuutti gaabbuu hima. ''Adii waanan ta'eef nan kabajama. Kanan jiraadhu Awurroppaa keessa. Kanaafuu dhimmoota kanneen maddaallii irra kaa'uun waamuuma maqaan koo attamii akka namoota rakkisu yoo ilaallee baayyee dhimma bishaan kaasu miti.'' ''Hundi keenyaa dhimmoota dursa kenniinuuf qabna. Yeroo sanatti dhimmiin dursa kennuuf maqaakoo akka namootaaf mijatu taasisuun garee waliin waliigaluu ture. Kun ammoo umama,'' jedha. ''Dhugaa dubbachuuf dhimmi maqaa geeddarachuu wayitan waggaa 15 fi 16 turetti dhimma olaanaa naaf ture, har'a deebiisee yaaduun kiyya dhima dinqisiisaadha anaaf.''
oduu-52261847
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52261847
Koronaavaayiras: Namoonni carraafi yaaddoo jaalalaa yeroo karra cufatanii turanii isaan mudate himu
Namoota yeroo jaalalaa waliin dabarsuu barbaadaniif waqtiin weerara koronaavaayirasii kun hedduu mijataa hin taane.
Jaalalleewwan lamaan gamoo garaa garaarra taa'anii yeroo waliin haasa'an Jaalalleewwan hedduun yeroo kaan guyyaatti si'a baayyee wal-argan walirraa fagaachuuf dirqamaniiru. Jaalalleewwan yero kaan guyyaa boqonnaa isaanii walitti adeeman qofaatti karra cufame keessa ooluun dirqama itti taate. Warri kutaa biyyaa gara garaa ykn biyya gara garaa keessa jiraataa jaalalaaf walitti marmaaraa turan amma fageenyarratti qofa wal hawwuu taate. Kun ammoo obsa jaalalleewwan hedduu kan fixachiises ta'aa jira. Yeroo ummanni addunyaa walakkaatti dhiyaatu karra cufatee taa'uun dirqama ta'e kana keessa, namoonni jaalallee haaraa baafachuu barbaadaniifis walitti dhiyaachuu, akkasumas wal amanuun rakkisaa waan ta'eef rakkoo ta'eera. Namoonni Chaayinaarraa hanga UKtti; nhanga Indiyaatti seera walirraa fageenya hawaasummaa dirqama hojiirra oolchaa jira. Kun ammoo nama duraan beekan ykn hariiroo jaalalaa waliin qaban walirraa fageesseera. Nama duraan hin beeknetti dhiyaachuun baruuf yaaluun ykn hariiroo michummaa kan jaalalaa godhachuun ammoo innumattuu kan hin yaadamne ta'eera. Kanaaf, taateen uumame kun hariiroo michummaa jaalalaafi baallama jaalalaa waliin dabarsuu akka addunyaatti hangam miidhaa jiraa? Namoonni shan addunyaa bakka garaa garaa jiraatan mudannoo dhimma jaalalaa isaan mudate akka itti aanutti nuuf qoodaniiru. Akeekkachiisa: Seenaan kun ergaawwan dubbii jaalalaa umurii gaheessotaa qofa ilaallatu ni qaba. Soofii*, umuriin ganna 27, Shangaayi, Chaayinaarraa Dubartii soofaarra adurreeshee waliin teessee miirga addaatiin mobaayila ofii ilaaltu Osoo jalqaba magaalaan Wuhaan, booda ammoo guutummaan Chaayinaa gara karra cufachuutti hin seeniin dursee jaalallee koo duraanii waliin addaan baanee turre. Erga sochiin guutummaan guutuutti dhorkaa ta'een booda wanti godhan hin dhibe. Akkuman jaalallee koo duraa waliin adda baaneen, gara karra cufatanii turuuttin seene. Rakkoo lamaan walfaana dhufe kana keessumeessuun dirqama natti ta'e. Adeemsa keessaan, appilkeeshinii ittiin michuu jaalalaa barbaadatan argachuun murteesse. Kutaa mana jireenyaa koo keessa qofattii koo adurree koo waliin taa'uun dirqama ture. Takka bitaatti takka ammoo mirgaatti sosocho'uun sammuu ofii haaromsachuu qofa filannoon jiru. Haata'u malee, haala ani keessa jiru kana keessatti Saatii baayyeedhaaf dhiirota waliin toorarraan nan haasa'a sababiin isaa osoo wal hin argiin dura kan gochuun dand'amu waliin haasa'uudha karaa danda'ame kanaan. Manneen nyaataafi bakkawwan itti wal argan martinuu cufaadha. Osooma kaaffee banaa jiru arganneellee aguugguu afaaniifi funyaanii (maaskii) uffachuun dirqamadha. Kun ammoo wanta baallama jaalalaa hiika dhabsiisedha. Osoo jaalallee duraan waliin turan ta'e hanga tokko gaarii ture. Waqtii weeraraa kana keessa nama duraan hin beekne karaa appilikeeshinii wal-baruun gara michummaatti ce'uun ammoo rakkisaadha. Nama duraan wal hin beekne waliin akkamiin vaayirasicharraa bilisa jettee amantee walitti dhiyaattaa? Waan balaa qabudha. Ani ammaaf dhimma kana dhaabeen jira. Sababiin isaas ammoo yeroo akkasii kana keessa eessayyu hin ga'amu. Dhugaa dubbachuudhaaf, yeroo dhiyoo keessatti wanta deebi'ee gaarii ta'u fakkaatee natti hin mul'atu, keessumaa fageenya keenya eeggannee maaskii keenya keessa dhokannee waan jirruuf. Jeremii Kohen, umuriin ganna 28, Biruukiliin US irraa Nama guutuu/baaxii manaarra taa'ee diroonii bilbilaan hordofu Yeroon qophaakoo mana kootti adda of baasee turuun dirqama ta'e kana keessa sammuu koo hojiin qabsiisuuf jecha, suura namoota manneen naannoo koo jiran irra kaaseen ol kaa'uu jalqabe. Guyyaa muraasa darbe, mucaa intalaa fiixee manasheerra dhaabattee shubbistun arge. Miira isheen ittiin shubbistu baayyee na hawwate. Mana koo karaa boroo banadheen harka ol kaaseen nagaa gaafadhe. Isheenis deebistee harka ol naaf qabde. Ani battaluma aniifi isheen wal argine qalbii koo na seenteen ishee waliin wal arguun fedhe. Garuu yeroon isaa mijataa miti. Namuu adda of baasee mana mana isaa jira. Haata'u malee, rakkinni gara fala barbaaduutti nama geessiti. Diroonii koo fudhadheen lakkoofsa bilbilaa koo barreessee itti hidheen fiixee manaa ishen irra jirtuttin erge. Isheenis turtii satii tokkoon booda ergaa barreeffamaa naaf deebiste. Isaan booda waliin haasa'uu jalqabne. Akka gadi baatuuf gaafadheen booda guyyaa baallama jaalalaa qaamaan wal arginu qabanne. Gamoo gara garaa irra garuu darbii walfakkaatuufi fuullee waliirra galla. Hanga yeroo qaamaan wal arginuuttis FaceTime fayyadamuun saatii saatiin wal arguu jalqabne. Viidiyoodhaan bilbillee nagaa waliin jechaa, waliin taphanna. Guyyaa biraa ammoo hariiroo keenya kana utuma qaamaan wal bira hin ga'iin akka babbal'atee baramu barbaadeen miidiyaa hawaasummaarrattin gadi dhiise. Seenaa na mudateefi akkamitti akka waliin haasa'uu ittiin jalqabnen maxxansuu eegale. Mudannoon keenya kun baayyee namoonni waliif qoodanii hedduu jaallatame. Nutis isaan booda gaaffiifi deebiif gaafatamnee haala mijeessine. Sun ammoo caalaatti walitti nu fide. Kun osoo sababa dirqama mana cufatanii turuun hin jiraannee kan hin taane ture. Ani nama ajaa'ibaa argachuu kootiif gara maleen gammade. Yeroo baayyee carraa jirutti hin fayyadamun ture. Bakka tokkotti namatti cufamee taa'uun akkan waan fala ta'u kalaquun nama kana waliin hariiroo uummadhuuf na kakaaseera jedheen yaada. Kilaarisee, ganna 35, Dimokiraatawa Rippabilika Koongoo (DRC) irraa Osoo weerarri Covid-19 kun dhibee addunyaa hamaa hin ta'iin dura nama ta'e waliin hariiroo michummaa jaalalaa darbee darbee wal arginun qaba ture. Nama sana waliin guyyaa guyyaan qaamaan wal ni argina turre garuu ani miira guutuudhaan of kennee dhaabbatummaan of hin kenninen ture. Akka hariiroon keenya suuta suutaan deemun barbaadan ture. Haata'u malee, wanti akka weerara kanaa uumamee gargara nama tursiisu dhufa jedhee eenyutu yaadeeraa? Yeroo sanaaf DRCn guutummaatti mana cufadhee taa'aa hin jedhamne garuu ani sektera fayyaa keessa gargaarsa namoomaarra waanan hojjedhuuf, vaayirasii kana baayyee cimseen of eeggannoo taasisan ture. Kun ammoo hedduu isa haarse. Osoon isa waliin wal hin argiin torban irra darbe. Anis maaliif akkan isa osoo hin argiin ture barbaachisummaa isaa ibsuufiin yaale. Inni garuu kana akka sababaatti fayyadamee akka ani isarraa addaan bahuuf yaadatt feudhate. Anis isa dhabuu kooti. Kana biratti ammoo naman dhaabataadhaan guutummaa jireenya kootiif naaf ta'uu danda'u dhabee laata jedheen sodaadha. Inni na eeguu dhiisuu mala jedhees nan sodaadhe. Isa waliin qaamaan wal arguu dhabuun koos na miidheera. Nuti lamaan keenyayyu saal-qunnamtii raawwachuu yeroo yerootti akka malee nu barbaachisa ture. Kanaaf, yeroo akkas adda turamu kana filannoo barbaadachuun jiraachuu mala. Akka carraa ta'ee, fedhiin ani qabuufi filannoon koo nama akka isaa kana yeroo yeroon jaalala raawwatudha. Namni kun fedhii koo kanas ni beeka jedheen yaada. Innis nama akkas yeroo yeroon jaalala raawwachuu barbaaddu taatee maaliif hangas gargar turame jedhee dubbicha cimsee yaade jedheen amana. Kun hunduu ta'uun isaa akkan baayyee gadduufi qofummaan natti dhaga'amu taasieera. Inni amma baayyee ana waliin hin haasa'u. Yeroo ani ergaa barreeffamaa isaaf ergus baayyee turee naaf deebisa. Ani hanga danda'ametti yeroo weerara kanaa isaafis ta'e anaafis of eeggachuufan tarkaanfii kana fudhadhe garuu hariiroon jaalala keenyaa yeroo hamaa kana darbuu dhiisuu mala jedheen yaadda'aa jira. Debaasmitaa, umuriin ganna 24, Niiw Delhii, Indiyaarraa Dhiirriifi dubartiin yeroo viidiyoodhaan waliin haasa'anitti Jaalallee dhiiraa koo yeroo ammaa waliin yeroo ji'a sadii dura jaalala jalqabnutti, magaalaa tokko keessa waan jiraannuuf baayyee boqodheen ture. Hariiroon jaalalaa ani duraan qabaataa ture hunduu jaalala fageenyarraa ta'an turan. Dhuma irratti naman yeroo dheeraa waliin dabarsu magaalaan keessa jiraadhu keessaa argachuu kootiif gammadeen ture. Waajira tokko keessa waan hojjennuuf guyyaa guyyaan wal argina ture. Hanga rakkoon sababa weerara kanaa akka tasaa dhufee hunduu manatti galee cufatee akka taa'u dirqama taasisuun jaalala keenya kana gara jaalala fageenyarraatti jijjiirutti yeroo eebbifamaa qabaataa turre. Hedduun kan nama haarsudha sababiin isaas kun kan ni ta'a jennee sammuu keenyatti hin yaadne ture. Yeroo ammaa guyyaatti si'a ja'a ykn si'a torba viidiyoodhaan waliin haasofna; waliinis fiilmii ilaalla; taphawwan toora interneetaarra jiranis taphanna. Yeroo tokko tokko nyaata walfakkaatu waliin bilcheeffanna. Taphawwan sammuu namaa qaran toora interneetaa taphachuu hedduun jaalladha waan ta'eef isallee waliin fageenyarra teenyee waliin taphanna. Kun hanga rakkoon kun darbutti tooftaa nuti uummannee jaalala keenya cimsannee dabarrudha. Yaaddoofi muddama baayyee waan namatti uumuuf yeroo hedduu isa dubbanna. Duraan qaamaan wal bira jiraattee kan garaa kee haasa'aa turtee yeroo qaamaan gargar ta'uun garaa garummaa qaba. Yeroo qaamaan wal bira jiraatan walif ibsuun salphaadha. Wal hubachuunis salphaa ta'a. Haata'u malee, yeroo baayyee ammoo waa'ee kanaallee ni kolfinayyu. Reefuu akkuma jaalala ho'aa jalqabneen kun uumamuu isaa gaafa rakkoo kana keessa darbine namootatti odeessina waliin jenna. Kunis gaaridha jedheen yaada ani. Julii, umuriin ganna 24, magaalaa Iligaan Filiippiinsirraa Dubartiin yeroo laaptooppi ilaalaa jirtutti Ani amma toora marsariitii Tinder jedhamu kan irratti namoonni waa'ee jaalalaafi fedhii jaalalaa haasa'anirra ergan dhufee ji'a alamaa ol darbeera. Osoo biyyi keenya sababa weerara dhibee kanaatiin hin cufatiin nama abbaan arge waliin baallama jaalalaan qabaataan ture. Sana kanan godhus yeroon yeroo qabaadhudha garuu. Amma, osoo hin yaadamiin, yeroo baayyeen qaba garuu nama tokkoyyu garuu ammoo argachuu hin dandeenye. Naman waliin jaalala raawwadhu tokkoyyu waanan hin arganneef baayyeen miidhameera. Naman qaamaan argee waliin fedhii jaalalaa koo waliin dabarse hin arganne. Amma karaa appilikeeshinii jaalallee ittiin barbaadaniifi argatanii irra taa'uu qofaadha. Achirratti dhiirota hedduun argaan oola; waliinis ni haasofna garuu qaamaan wal arguun hin danda'amu. Osoo wal argina jedhameellee geejjibni waan hin jirreef waan danda'amu miti.
oduu-51732233
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51732233
Bataskaanni Eertiraa dhimma Kaardinaala Itoophiyaarratti ibsa gaafatte
Torban lamaan dura Eertiraa akka hin seenne dhorkamuun buufata xiyyaaraa Asmaraatti kan dhorkaman Pirezedaantiin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa Birhaaneyesuus Dammaree ilaalchisuun Bataskaanni Kaatolikii Eertiraa Waajirri Dhimmoota Amantaa Biyyaaleessaa irraa ibsa gaafachuu oduun Vaatikaan Niiwus jedhamu gabaaseera.
Bataskaanni Kaatolikii kunis dhimmicha irratti ibsa akka kennamuuf kan gaaffii dhiyeesse Wajjira Dhimmoota Amantaa Biyyaalessaa Eertiraatiif. Xalayaan 'ibsi nuuf haa kennamu' jedhu kunis Barreessaa Ol-aanaa Kora Phaaphaasotaa kan ta'an Abbaa Tasfaagiyoorgis Kifiloomiin kan mallattaa'eedha. Gaggeessaan Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Birhaaneyesuus buufata xiyyaara Asmaraa erga gahanii booda akka gara biyyattiitti hin seennee kan dhorkaman abbootii amanataa Bataskaanattii lama biroo waliin ture. Abbaa Birhaaneyesuufi abbootiin amantaa isaan waliin turan kan gara Asmaraatti imalanii turan sirna kabaja Bataskaana Kidaanemihiratii Eertiraatti gaggeeffamu irratti argamuuf akka ture ibsameera. Abbootiin amantaa akka gara Asmaraa hin seenneef buufata xiyyaaraa erga gahanii dhorkaman keessaa tokko kan turan Abbaa Fiqiree Walda-Tinsaa'hee, "Jilli kun buufata xiyyaaraa gahee wantota guutuu qabu hunda guutee adeemsa barbaachisu darbeera. Viizaan akka imaltoonni bakka sana qaqqabanii kennamus ji'a tokkoof kennameefiiras," jedhan. Waanta barbaachisu hunda xumuratanii viizaa isaanii fudhatanii buufata xiyyaaraa keessaa ba'uuf yeroo jedhamutti ture kan dhorkaman. Kunis ajajni akka dhorkaman darbe aanga'oota ol-aanoorraa akka dhufe erga ibsameefiin booda akka deebii'an ibsaniiru, Abbaa Fiqiree Walda-Tinsaa'ee. Abbootiin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa, Asmaraa erga gahanii booda akka hin seenne dhorkamuu isaaniitiin buufata xiyyaarichaa keessa saatii dheeraadhaaf rakkachaa turuun isaanis himameera.
oduu-51232944
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51232944
'Kan filatame ADWUI malee Badhaadhina miti', Dr. Salamoon Kidaanee
Muudamni MM Abiy Ahmad miseensa Koree hoji-raawwachiiftuu TPLF Aadde Fatilawarq Gabrahigizihaabeer aangoo irraa kaasuun nama biraan bakka buusan kan seera cabsedha jedhe TPLF.
TPLF muudamniifi aangoorraa kaasuun kun kan seera cabsedha jechuun yeroo mormu, Paartiin Badhaadhinaa ammoo muuduufi kaasuun kan kanumaan durallee baramedha jedheera. Aadde Fatilawarq malee aanga'oota TPLF keessaa Kantiibaan Itti-aanaafi Itti-gaafatamaan Biiroo Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Dr. Solomoon Kidaanee akka aangoorraa ka'an xalayaan isaan qaqqabuu BBC'f mirkaneessaniiru. TPLF ibsa isaa kanaan motummaan Federaalaa hattattamaan tarkaanfii sirreefamaa akka fudhatu gaafate TPLF gocha seera malee miseensoota kiyya aangoowwan Federaalaafi Magaalaa Finfinnee irraa ari'ate hattattamaan yoo sirreesse malee kana hordofee waan uumamuuf itti -gaafatamuummaan kan motummaa Federaalaati jechuun akeekachisee ture. TPLF ibsa baase kanaan akka jedhetti, garaa garummaan yaadaafi toraa ADWUI fi TPLF jidduutti dhiheenya keessa umamee bal'achaa adeemuun paartii haaraan hanga hundeeffamu irra gahamuu ibseera. Haata'u malee,TPLF adeemsa kana yeroo adda addaatti akka sirraa'uufi haalawwan dursi itti kennamuu qaban kan biraan jiraachuu yaada dhiyeessulleen fudhatama dhabuu hima ibsichi. Haata'u malee, aanga'oonni yaada kana dhagahuufillee fedhii hin qabne haala farra-dimokraasii ta'een ADWUI diiguun paartii haaraa kan ummanni hin filannee aangoo qabachuun akka itti fufuu taasiseera jedha. Sadarkaa paartiitti kallattiin qabannee garaagara haata'u malee itti-gaafatamummaafi mirgoota federaalaafi motummaa naannoo heera biyyattiin kaa'ame kabajuun kan adeemnu ta'u ifatti beksiifneera jechuun eera ibsi TPLF kun. Ummanni Itoophiyaa kan filate dhaabbata ADWUI'ti kan jedhu ibsichi, akka hooggananiifi akka mootummaa hundeessaniif aangoon kan kennamees dhaabbileedhuma kanneeniif ture jedha. "Kanaan alatti paartii haaraan aangoo akka qabatuufi biyya akka bulchu taasisuun, aangoo ummataa seeraan ala fudhachuufi heera mootummaa dhiitudha," jedheera ibsichi. Wayita ammaattis miseensoota gaggeessitoota TPLF waan ta'an qofaadhaaf itti-gaafatamummaa sadarkaa motummaa Federaalaafi Magaalaa Finfinnee irraa akka ka'an taasifamuun isaanii gonkumaa fudhatama hinqabu jedheera. Gochi kanaan duraafi ammas raawwatame kun sirreeffamuun irra jiraataa, ta'uu yoo baatee garuu kanaan wal qabatee waan uumamuu danda'uuf itti-gaafatamummaa kan fudhatu qaama gocha seeraan alaa kana raawwatan ta'uun ifa ta'u qaba jechuu akeekachiseera. Paartiin Badhaadhinaa gama isaatiin kan gaggeeffame akkuma kanaan duraa aanga'oota muuduufi angoorraa kaasuu baratamedha malee waan haaraa miti jechuun deebii kenneera. Dr. Salamoon Kidaanee akka jedhanitti dabballoonniifi hoji-gaggeessitoonni TPLF Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessa sadarkaa adda addaa irra jiran Waajira Ministeera Muummeetiin akka aangoorraa kaafaman taasifamuudhaan miseensota warra hin taaneen bakka buufamaa jiru. "Finfinnee keessatti akka ADWUItti kan dorgomne. Hanga ADWUIn mo'atee turetti TPLF harka dhibba keessaa 25 bakka qabaata. Aangoo bulchuu walqixa qaba. Hojimaata kana diiguu jechuun caasaa bulchiinsa magaalichaa diiguu jechuudha," jechuun tarkaanfichi seeraafi sirna hojii kan cabsedha jedhu. Waggoota 28 darban aangoorra kan ture ADWUIn yeroo gara Paartii Badhaadhinaatti jijjiiramutti maqaa isaa qofaa osoo hin taane ilaalcha Warraaqsa Dimokiraasii ittiin bulaa ture gara yaada Ida'amuutti jijjiirrateera. Adeemsa kana keessatti TPLF seeraan aladha jechuudhaan Paartii Badhaadhinaatti akka hin makamne beeksisuun isaa walqeequu mootummaa Federalaafi kan naannoo Tigiraay gidduu jiru daran hammeesseera. Tarkaanfiin miseensota TPLF aangoo mootummaa Federaalaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerra jiran irraa kaasunis bu'aa walqeequu kanaati jedhu Dr. Salamoon. Mootummaan tarkaanfii kana osoo hin fudhatiin dura TPLF'n mariyachuun isarra ture jechuun dubbatu. "Kun aangoo siyaasaati. Ummanni TPLF fi sagantaa isaati kan filate. Namoota TPLFn bakka bu'an kan dhiyeeffachuun irra jiraatu TPLF qofa. Maqaa dhalataa Tigiraay jedhuun bakka buusuun hin danda'amu. Adeemsi kun seeraan aladha. Ga'ee sabummaan akka kennuu fakkeessan," jedhu. "TPLF ummatan filatamee malee dhaaba kadhatee dhufe miti. TPLF Paartii Badhaadhinaa waliin walitti hin makamu jedheef qofa namoota ummata Tigiraayiin filataman adda baasuun aangoo isaaniirraa kaasuun sagalee ummataa hatuudha jechuun falmu Dr. Salamoon. "Kan filatame ADWUI malee Badhaadhina miti," jechuudhaanis akka falman dubbatu. Mootummaa Federaafi naannoo Tigiraay gidduutti walqeequun osoo jiruu aanga'oonni ol-aanoo akkamiin aangoo mootummaa Federaalaa qabatanii itti fufu? jechuun gaaffii dhiyaateef Dr. Salamoon yeroo deebii kennan, "Gara siyaasa paartii daneessa ta'eetti deemuuf jirra jedhamaa jira mitii? TPLF kan kan waliin hojjetaa ture aangoo seera qabeessa waan qabuufidha. Hojii mootummaa waliin hojjechuun ni danda'ama, hojjetamaas jira jedheen amana. Garaa garummaan jiru kan siyaasaati malee kan waliin akka hin hojjenne taasisu miti," jedhan. Dimokiraasii Warraaqasaatti kan amantan yoo taataniifi falaasama Ida'amuu kan hin fudhanne yoo taatan akkamiin waliin itti fufuu dandeessu gaaffii jedhuufis deebii kennaniiru Dr. Salamoon. "Sagantaa isa haaraa mootummaan hin beeku, hin filannes. Ummanni kan filate isa duraati. Kanaaf, gaaffiin ka'uu qabu ummanni sagantaa Badhaadhinaatiin buluu danda'aa kan jedhu ta'uu qaba." Akka Dr. Salamoon jedhutti jijjiirama jiruun walqabateellee sagantaafi toorri ADWUI dhiifamee osoo kallattiin biraa filatames, sadarkaa Federaalattis ta'e magaalaa Finfinneetti aanga'oonni TPLF jiran aangoo seera qabeessa ummanni keneef qabatanii waan jiraniif ummatichi sagalee isaatiin hanga kaasutti aangoo isaanii qabatanii itti fufuu qabu. Dirree qabsoo ta'uus qaba. Muuduufi muudamarraa kaasuun bu'uura seeraatiin? Ogeessa seeraafi Heera mootummaa kan ta'an Obbo Misgaanaawu Mulugeetaa Addi mootummaan aangoorra jiru hundeeffatee ture diigamuu akka danda'uufi paartiin sagalee caalaa qabu aangoo qabatee akka itti fufuu danda'u seerri tumamee jiraachuu dubbatu. Kun biyyoota biroottis kan baratame akka ta'e dubbatu. Haata'u malee, muuxannoo biyyoota biroorraan karaa adda ta'een kan Itoophiyaa keessatti ta'e garuu Addichi (Gamtaan) paartileen uummatan kun diigamuu qofaa osoo hin taane miseensonni paartileen Addicha uumanillee diigamuu isaniiti jechuun ibsu. "Adeemsa Heera mootummaa kana deggaru jiraachuun irra jira. Miseensonni paarlaamaa miseensa Paartii Badhaadhinaa haaraa kana ta'anii itti fufuu akka barbaadan gaafatamuu qabu. Lakkoofsi isaanii kan baayyateefi ol-aantummaa kan qaban yoo ta'e rakkoo hin qabu. Osoo akka kanaa ta'ee jiraate yoo xiqqaate adeemsa Heera mootummaa kan guutudha jedhama," jedhu. "Kanumallee taanaan hayyoonni siyaasaa ni qeequ. Paartii haaraa ta'ee sagantaa siyaasaa haaraatiin ittin fufa yoo jedhe gaaffiin fudhatama qabaachuu irratti ka'uu danda'a. Haata'ullee malee, adeemsa seeraallee guuteera jedhama". Seera filannoo isa haaraa eeruudhaan miseensonni paarlaamaa akka dhuunfaattis ta'e akka mormituutti itti fufuu akka danda'an ibsu Obbo Misgaanaawu. Haala kanaan teessoo paarlaamaa 547 jiru keessaa hanga kamitu itti fufuu akka barbaaduufi itti fufuu akka hin barbaanne Paarlaamichi ifa taasisuun irraa eegama ture jedhan. "Muudamni parlaamaa hedduu na hin ajaa'ibu. Ministira tokko muudama irraa kaasuun hojii ministira muummee waan ta'eef sana gochuu dhiisuuf hin dirqisiifamu jedhu. Haata'u malee, ministirri haraan yeroo muudamu paarlaamaaf dhiyaatee mirkaneeffamuu akka qabuufi kun ammoo ta'aa akka hin jirre ibsan. Paartiin Badhaadhinaa yoo xiqqaate ol-aantummaa seeraa kabachuudhaaf adeemsa kana hordofuun raawwachuun akka isarra ture himan. "Kun adeemsa salphaa ta'e fakkaatee mul'achuu danda'a. Akka ilaalcha ol-aantummaa seeraatiin garuu waan bu'uura ta'edha. Sababiin isaas, ol-aantummaan seeraa suuta suutaan diigamaa kan deemu adeemsa seeraa akkasii kana cabsuudhaan yeroo jalqabdudha," jedhu.
52351165
https://www.bbc.com/afaanoromoo/52351165
Afrikaa Kibbaatti namichi jaalallee isaa osoo seeraan ala dabarsuu to'atame
Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Guwatengi keessatti yeroo weerara Covid-19 hir'isuuf jecha sochiin ugguramee jirutti namichi jaalallee isaa 'konkolaataa keessa dhokfatee' utuu deemuu to'annoo jala ooleera.
Jimaata darbe ture iddoo keellaatti jaalalleen namichaa dudubbee konkolaataasaa keessatti argamuu ishee qondaalli poolisii Feeyiz Mazibuko Tiwiitara gubbatti bareessiteetti. Konkolaachisaan eeyyama hin qabne kun gara bulchiinsa bahaa Mipumalangaa imalaa ture jetti. Dubartiin kunis 'dhoksamuuf walii galuun ' himatamuu ibsiteetti. Jalalleewwan kun dhimma kanaratti yaada hin kennine. Afrikaan Kibbaa uggura sochii Bitootessa 24 irratti torban sadiif kan labsite ta'us, boodarra angaa'onni hanga dhuma Eblatti dheereessaniru Namoota tajaajila barbaachisaa kennu jedhamaniin alatti sochii biyyittii guutummaa dhorkamee jira. Lakkoofsa namoota koronaavayirasiin qabamnii 3,000 ol qabaachuun biyyittiin Afrikaa keessatti dursaa jirti.
oduu-46055346
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46055346
Qaama saalaa furdifachuuf, Birrii 100,000
Dhiironni lama qaama saalaa isaanii maalif akka furdifachuu/guddifachuu barbaadan BBCtti himan.
Abdul Hasan akka jedhutti qaama saalaa guddifachuun kun ''nama haaraa'' akkan tahetti natti dhga'ama jedheera Dargaggeessi ganna 27 Abdul Hasan jedhamu, maamilummaadhaan warreen qaama saalaa furdisan biratti deddeebi'aa jira. Kana gochuun isaa ammoo jaalalleesaa biratti fudhatama qabu dabaluuf akka tahe hime. Dargaggeessi kuni jaalalleesaa kana waliin waggoota saddeet waliin turus yeroo hunda waa'ee qunnamtii saalaatiin jaalalleessaa kana gammachiisuu yaada. Boodarra qaama saalaa isaa guddifatee jaalalleesaas guddaa ajaa'ibsiifatte. Ogeessonni kunneen qaama saalaa dhiiraa kan guddisan dhangala'aa 'hyaluronic acid' kan tiishuu haphii qaama irratti lilmoodhaan waraannamuuni. Gochi kuni adeemsa baqaqsanii yaaluu kan hin qabne yoo ta'u kilinikoota keessatti sa'aatiiwwan muraasa keessatti xumurama. Lilmoon si'a tokko fudhatames ji'oota 18'f kan tajaajiluudha. Baasiin si'a tokko guddifachuuf gaafatamus paawundii 3,000 ykn Birrii Itoophiyaa 100,000 ol kan tahudha. Hamma qabiyyee asiidii lilmoodhaan kennameerratti hundaa'uunis qaama saalaa dhiirotaa seentimeetira tokkoo hanga lamaatti furdinasaa dabaluu kan danda'uudha. Lilmoon si'a tokko fudhatames ji'oota 18'f kan tajaajiluudha. Waldaa baqaqsanii yaaluu yuurolojikaala Biriirten irraa Mr. Asif Munner gochi kuni dammaqiinsa qaamni saalaa dhiirotaa walqunnamtiii saalaa raawwachuuf qaburratti jijjirama guddaa kan hin finnedha jedhu. Haa ta'u malee adeemsa keessa adeemsa walqunnamtii saalaa raawwachuu irratti rakkoo walxaxaa ta'e fiduu mala jedhu. Dr Asif Muneer Lilmoo qaama saalaa guddisuu kana kan fayyadamu dargaggeessi Abdul jedhamu, ammaan dura yeroo qunnamtii saalaa raawwatu miirri ofitti amanammumma isaa xiqqaa ta'uu hime. Haa ta'u malee erga tajaajila kana fudhachuu eegalee ofitti amanamuummaankoo dabaleeras jedha. UK keessatti dhaabbileen baqaqsanii yaaluu kan fayyummaa qaama saalaa dhiirotaa irratti hojjetaan sagantaa 'Victoria Derbyshire' irratti yaada kennaniin lakkoofi dhiirota qaama saalaa isaanii guddisuuf dhufanii haalan dabalaa akka jiru himan. Waggoota sadiin dura baayyinni dhiirota tajaajila kanaaf dhufanii ji'atti 130 ture amma gara 700tti guddateera. Ogeessonii fayyaa kunneen akka jedhanitti dhiironni hedduun mala aadaatiin qaama saalaa isaanii guddifachuuf wayita yaalan rakkoolee walxaxaa keessa akka seenan himu. Yeroo akkasiitti yaala baqaqsanii yaaluu akka kennaniifi yeroo rakkinichi humnaa oltahu ammoo asiidicha keessaa dhabamsiisuudhaa hanga foon qaama saalaa dhiirotaa irra jiru guutummaan irraa kaasuun qaama biraarraa fuudhuun itti suphuus akka hojjetan himan ogeessonni.
oduu-52899853
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52899853
Qaamoleen sadii 'qindaa'uun' Oromiyaa keessatti hiriira mormii waamaa jiru jedhan obbo Addisuu Araggaa
Tibba kana Oromiyaa keessa hiriirri mootummaa mormu akka gaggeefamu waamicha dhiyaachaa jira jedhamurratti ibsa kan kennan Sadarkaa Pireezidantii Itti aanaatti qindeessaan dhimmoota Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa, ''yeroo kanatti hiriira mormii waamuun nama du'atti waamuu wajjiin qixxeedha'' jedhan.
Addisuu Araggaa waajjira giddu galeessaa ODPtti hogganaan ijaarsa fi siyaasa baadiyyaa obbo Addisuu Araggaa . Uummatni kanneen hiriira mormii waamaa jiru akka hin fudhanne dhaamanii, ''kanneen faallaa dantaa biyyaa dhaabatanirraa of eeguu qabaa'' jedhan. Gareen hiriira mormii kana waamaa jiran uummata fayyadamanii fedha aangoo qabachuu isaanii milkeessuuf kanneen socho'aniidhas jedhaniiru. Qaamota hiriira kana duuba jiruu ittiin jedhan sadii akka ta'aniis obbo Addisuu himaniiru. Gareewwan sadeen keessaa tokko ''Masriin kan deeggaramuufi fayidaa Itoophiyaan hidha guddicharraa argattu dhabsiisuu warra barbaadanii'' jedhan. Obbo Aaaddisuun garee lammaffaa ‘Wayyaanee’ jechuun kan ibsan yoo ta’u gareen kun “asiin dura uummata Itoophiyaa gidirsaa kan tureedha” jedhu. Gareen “kun faayidaa barate waan dhabeef ‘mootummaa aangoorra jiru laaffisuuf gama adda addaatiin socho’aa akka jiru ibsu. “Gareen sadaffaan immoo paartii siyaasaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’an filannoon achi siiquutti fayyadamuun aangoo karaa seeraan alaatiin qaamota argachuuf fedhii qabaniidha,” jedhaniiru. Hawaasnis hariirri mormii kun qaamoleen sadan kunneen wal gahanii kan karoorfatan ta’uu beekee of eeggannoo akka taasisuuf waamicha dhiheessaniiru. “Hawaasnii naannichaa gaffii bu’uraa yoo qabaate karaa sirriin haa dhiyeessu” kan jedhan Obbo Addisuun, kanaan achi dhimoota jiran irratti mootummaan seeraa kabachiisuuf ‘daandeettis, humnas’ qaba jedhaniiru.
oduu-46943435
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46943435
Obbo Daawud Ibsaa: Har’arraa eegalee itti gaafatamni WBO abbootii gadaa fi ummata Oromoof ta’a
Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa hooggantoota ABO fi ODP walin mari'ataa jiru.
Miseensota Gumii Abbootii Gadaa fi Haadholii Siiqqee "Ummatni keenya nagaa barbaada. Kanaafuu anatu caala osoo hin jedhin nagaa uummataaf hojjechuu qabna", kan jedhan Walitti Qabaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoo Bayyanaa Sambatu, dhaabbileen lamaan nagaa akka buusanis gaafatan. Abbaan caffee gumii tokkummaa Abbooti Gadaa Obbo Caalaa Soorii dhaabbileen lamaan wal waraanuu isaanii akka dhaabanif hooggantoonni dhaabbilee alangaa gadaa fi siiqqee haadholii fulduratti waadaa akka galan gaafatan. Abbaa Gadaan duraanii Bayyanaa Sambatuus, ''amma isin araaramtanii waraana dhaabuuf kadhaa keenya nurraa fudhattanitti manatti hin gallu,'' jedhaniiru. "Paartiileen maqaa Oromootin qabsaa'an biyya keessa erga galanii booda nagaan qabsaa'aa jiru'', kan jedhan itti gaafatamaan waajjira giddugaleessaa ODP Dr Alamuu Simee gareen maqaa ABO Obbo Daawud Ibsaatiin hogganamuun hidhate karaa Lixaa fi kibbaatin gara biyyaa seenuu fi rakkoo nageenyaa akka uume himan. Qaamni hidhate kun gara nagaatti akka dhufuuf hooggansi mootummaa naannichaa waltajjiilee heddu adeemsiseera jedhan. Haa ta'u malee, qaamni hidhate kun godinaalee Wallagga afran irraa eegalee iddoosaa babbal'ifachuun gara giddugaleessa biyyaa iddoowwan akka Gindabarat fi sulula Mogoritti babal'achuusaa himan. Kanaafis mootummaan dirqamee hojii seera eegsisuutti seene jedhan. Kana malees Dr Alamuun Simee hooggansa ABO Finfinnee jiru osoo hin taanee qaama hidhatee godinaaleerra jiru mariisisuu keenyatu bu'aa argamsiisaa jira jechuun marii abbootiin gadaa godina Gujii hooggantoota waraanaa ABO walin taasisan himan. Hayyu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa gama isaaniitin waliigalteen isaanii bakka qaamni sadaffaan argamutti akka adeemsifamuuf gaafachuu isaaniifi Gumiin tokkummaa abbootti gadaas qaama sadaffaa ta'uf xalayaadhaan gaafatanii turanis guyyaa marii garuu hooggansi ODP qofti gara Eertiraatti akka imalan himan. Marii sa'aatii lamaaf Eertiraatti taasifameen waraanni ministira mummee duraanii Obbo Mallasin nurratti labsame yaa dhaabbatu kan jedhu gaafannee ture jedhan Obbo Daawud. Dhimmi kan biraa caasaaleen nageenyaa kan akka raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa fi kan naannolee dhaaba siyaasaa irraa bilisa akka ta'anif waadaa akka nuf galaniif mari'anneerra jedhan. Waraana bilisummaa Oromoo ilaalchisee miseensootni WBO humna addaa Oromiyaa ta'anii akka hojjetaniif gaafannee ture kanaafis koree ijaaruf waliigalle jedhan. Sababa rakkoo kaampii Ardaayitaa keessa tureenis loltootni kaampicha keessaa baqatanii loltoota ABO godinaalee Gujii, Boorana fi godinaalee Wallaggaatti makaman akka jiran hayyu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa himan. Miseensota ABO eessa buuten isaanii hin beekkamne eessa akka jiran akka nu beeksisaniifis gaafannee deebin hooggantoota ODP irraa nuf kenname erga galtanii booda walumaan barbaadna kan jedhu ture jedhan Obbo Daawud Ibsaa. Obbo Daawud Ibsaa hooggansawwan dhaabbichaa dabalatee miseensootni ABO magaala Finfinnee dabalatee iddoowwan garaagaraatti hidhamaa akka jiranis himan. Haalli amma jiru waan nama qaanessu fi cee'umsa gufachiisaa jiru kan jedhe daayrektarri olaanaa OMN Obbo Jawaar Mahaammad hayyu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa loltootni dhaabichaa gara kaampiitti akka galaniif waamicha dhiyeessuu qabu jedhan. Mootummaanis abbootin gadaa akka qaama sadaffaatti akka hin hirmaanne gochaa turan jedhe. Kana malees ABOn kaampiiwwan leenjii waraanaa banuun waraana leenjisaa akka jiru mootummaanis loltoota daangaa Somaaliyaa fi Eertiraa irraa kaasun gara iddoowaan waraanni bilisummaa Oromoo jirutti bobbaasu isaa hime. Kanaafis qaamoleen lamaan qulqulluu of fakkeessuu dhiisanii nagaaf akka hojjetan gaafate. Ammatti dhimmi irratti wal dhabnu baay'ee hin qabnu kan jedhan Dura Taa'aan itti-aanaa KFO Obbo Baqqalaa Garbaa "waraanni bilisummaa Oromoo akka deebi'uuf Obbo Daawud ajaja dabarsuu qabu mootummaanis waraana bobbaase gara mooraatti deebisuu qaba, " jedhan. Waraanni bilisummaa Oromoo yeroo gara kaampiitti deebi'u akka waan moo'ametti osoo hin taanee kabajni fi ulfinni barbaachisu kennameefi ta'uu qaba jedhaniiru. Gochaan loltoota ABO irratti kanaan dura raawatame ammas akka hin raawwatamneef waadaa gallee fiduu qabna jechuun himan. Ummatni tokkumaa sabaa fi tokkummaa qeerroo Oromoo cimsuu qaba kan jedhan dura taa'aan KFO Dr Mararaa Guddinaa gama isaaniitin sabni keenya gara araaraa fi misoomaatti dhufuu qaba jechuun himaniiru. Gareen lachuu lolli akka dhaabbatuf fi araarri akka bu'uuf sabaaf waadaa galuu qabu dhimma WBO irrattis gadi fageenyaan mari'atamuu qaba jedhan. Dhimma WBO Nuti waraana hin labsine kan jedhan itti gaafatamaan waajjiira giddugaleessaa ODP Dr Alamuu Simee bakka seerri hin cabnetti waraana hin sochoosnu jedhan. Waraana mooraatti yaa deebi'u kan jedhu irratti ammallee sodaan nageenyaa naannoo daangaa Benishaangul Gumizitti waan jiruuf waraanni naannichaa akka hin sochoone Dr Alamuu himan. ''Maddii waldhabdee mootummaafi ABO Waraana Bilisummaa Oromooti. Sana itti-gaafatama ofirraa buufnee ummata Oromoofi Abbootii Gadaatti kennineerra,'' jedhaniiru. Dabalataanis karaa dimookiraatawaan akka sochoonuf fi nagaan keenya akka eegamuf, qaamoleen nageenyaa nu hidhuu fi nu reebuu irratti waadaan akka nuuf galamu barbaadna jedhaniiru. Koree teeknikaa Koreen abootii gadaaf haadha siinqee, hayyuulee fi bakka bu'oota dhaabbilee lamaanii of keessatti qabate fi miseensoota waliigalaa 71 qabu hundaa'eera. Dr Qana'aa Lammi, Obbo Getaachoo Dibbisaa, Obbo Baqqalaa Garbaa, Piroofessar Taaddasaa Bariisoo, Adde Makiyaa Maammiyyo fi Dr Girmaa Baalchaa namoota koree kana keessatti filataman keessaa dha. Gama biraatin ABO irraa Jaal Dhugaasaa Bakakkoo, Obbo Abdii Raggaasaa fi Obbo Dheengee Huseen ODP irraa immoo Obbo Mogas Ida'ee, Obbo Bazzu Waaq-beekaa fi Obbo Alamaayyoo Ijiguu koree teeknikaa keessatti ni hirmaatu. Koreen kun gaafa guyyaa 16 Amboo irratti mari'achuuf sagantaan qabataniiru.
oduu-49162690
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49162690
‘Yesuus sobaa’ miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta’e eenyu?
Biyya Keeniyaa keessatti 'Yesuus sobaa' ilaalchisee yaadni gara gara kennamaa jira.
Namoonni Keeniyaatti tiwiitara fayyadaman viidiyoo nama akka Yesuus Kiristoos uffatee konkolaataa keessaa ol bahu agarsiisu waliif qoodaa jiru. Tariimmoo maaltu akka ta'aa jiru hin beeknu. Garuu, namoonni baay'een dhuma torbee kanarraa akka tajaajila waldaa irratti argamee tajaajiluuf affeerame jedhu. Fakkeenyaaf, namni Niwookee Nikweeree jedhamu fuula tiwiitara isaarratti akka barreessetti: "Ani akkan yaadutti Keeniyaanonni morkii Keeniyaafi Naayijeeriyaa gidduu jiru, nama ga'ee Yesuus Kiristoos taphatu affeeranii akka Dilbata darbe Keeniyaa keessatti waldaa tajaajiluun gochuudhaan mo'ataniiru." Namni biraan Taariq Nasheed jedhamu ammoo, Keeniyaa keessatti paastaroonni tokko tokko 'Yesuus sobaa' waldaa isaanitti afeeruun akka barsiisu yeroo taasisan namoonni ammoo ifumatti isaaf galata dhiyeessu. Namni 'Yesuus sobaa' kana duuba jiru eenyu? Suurriifi viidiyoon namicha akka Yesuus Kiristoositti uffatee kun miidiyaa hawwaasummaan guutummaa Afirkaarra nanna'aa jira. Garuu namichi kun eenyudha, maalimmoo hojjechaa jiraa? Ergaan tiwiiteraa si'a 8,000 waliif qoodame tokko nama siyaasaa mormituu Afrikaa Kibbaa Juuliyees Maleemaa dabalatee irra deebiyuun qoodameera. Ergaan isaa akkas jedha: "Paastariin Afrikaa Kibbaarraa Yesuus Kiristoosiin akka waldaasaatti dhufee barsiisuuf Waaqarraa afeere," jedha. Garuu suuronni sun Keeniyaarraati. Sagantaa torban darbe keessa magaalaa Kaasaraanii kan magaalaa guddittii Keeniyaa Naayiroobiirraa 25km karaa Kibba-lixaa fagaattutti qophaa'erratti kaafame. Namichi lallabaa/barsiisaa US irraa dhufedha. Maqaan namicha kanaa Mikaa'el Joob jedhama. Diraamaafi fiilmii keessattis akka taatoottis hojjechuun beekama. Sagantaa Keeniyaatti qophaa'e kanarrattis qophii waldaaleen amantaa qopheessanirratti akka keessummaa haasaa taasisu ta'ee affeerame. Namichi kun Orlaandoo Filooriidaa keessa jiraata. Bakka jiraatu sanattis akka Yesuusitti paarkii 'The Holy Land Experience' jedhamu keessatti taphata. Bakki kun ammoo akka godambaa kitaaba qulqulluu jiraataatti of ilaala. Viidiyoo inni dhuma torbee kana fuula feesbuukii isaarra kaawwate kanarraa suuqiiwwan qonnafi meeshaalee manaa Keeniyaan duubarraan ni mul'ata. Viidiyoofi suuruma kanadha egaa kan Afrikaa Kibbaa keessatti ta'e jedhame kun. Ergaan tiwiiteraa walumaa galaan suuraawwaniifi viidiyoowwan kanneen irratti paasteroonni Afrikaa waan raajii hojjetan jechuun akka malee qoosaa jiru. Ergaan tokko akka biloogota tokko tokkorratti gadi dhiifamerratti "Paasteriin Keeniyaa tokko akka ofiin jedhutti Yesuus Kiristoos osoo daandii Keeniyaarra deemaa jiruu argeer". Suurri tiwiiterarra jiru garuu kan Obbo Joob yeroo waldaa Pentecostal Evangelistic Fellowship of Africa (Pefa) magaalaa Kitengelaatti lallabaa/barsiisaa jirudha. Viidiyoo lallaba isaa Keeniyaa keessatti lallabaan US kun wantota dinqisiisoo ta'a gochuufi fayyisuudhaaf waadaa galeera. Kana jechuusaatiifis miidiyaalee hawwaasummaa irratti hedduu qeeqameera. Namichi kun kan gara Afrikaa dhufe yeroo jalqabaaf miti. Baruma kana gara jalqabaa Toogoo deemee ture. Achitti garuu suura maxxanserraa akka argametti akka kanaa bifa diramaatiin uffatee hin turre.
oduu-56734417
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56734417
Nama tokkoo ol waliin quunnamtii jaalalaa qabaachuun faayidaa attamii qaba?
"Isiniif kan qofaa jechuun maaliidhaa? jechuun gaaffattee turte Amii Haart kan bara 2019 keessa dorgomtuu 'UK reality TV show Love Island' turte yoo waa'ee jaalala nama tokkoon olii waliin qabaatan jiraachuu mirkanneessuun haasaa eegalteetti.
Hiriyaan dhiiraashee Kartiis Pirchaard dhoksaatti osoo isheen hin beekiin jaalallee dubartii akka qabateeru beekti turte. Guyyaa isheen haala jaalalleen ishii kun itti dubartoota lama jidduutti (isheefii dubartii biraa waliin) haala walfakkaatuun jaalalaan jiraachaa itti tureefi attamiin akka ishee itti gane wayita haala tasgabbaa'een himuu eegaltu, hiriyaan ishee Pirchaard teessumasaa keessa walitti galee taa'aa ture. Haart isaan duraa jaalalli dhugaa namoota wal jaalatan lama qofaa jidduu kan jirudha jettee amanti turte. Jaalalleen ishee kun garuu seera sana cabseera. Kunis walitti dhfeenyi ilmaan namootaa seenaadhaan haala dhiira tokkoofi dubartii tokkoon jiraachuu kan hawaasa baayyee keessatti fudhatamu caalaa wal xaxaa ta'ee mul'ata. Gara haala jireenya waloo bara durii sanatti deebina ta'aa laata? Waliigalteedhaan nama tokkoo ol waliin gaa'ela qabaachuun jaalalleewwan akka namoota biraa waliin jaalala qabaataniif carraa kennaaf. Kunis mana tokkoo ol dhaabbachuufi walitti dhufeenya jaalalaa ifa ta'ee nama biraa waliin qabaachuu ta'uu mala. Walitti dhufeenya akkasii keessatti cimdiiwwan daangaa jaalala nama biraa waliin ummatan irratti waliigaluu danda'u. Gaa'ela nama tokko qofaa waliin dhaabbachuun fudhatama qabaatee osoo jiruu, hawaasa hedduu keessatti garuu ilmaan namaa wayita jaalallee isaanitiin ala nama biraa waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf fedha qabaatan ni mullata. Qorataan xin-samuu Jastiin Lehmilar kitaaba isaa 'Tell Me What You Want' jedhu keessatti lammilee Ameerikaa 4,000 akka jireenya quunnamtii saalaa keessatti waan itti gammadan gaafatee ture. Baayyeen isaanii namoota sadii waliin jaalala ummachuutti akka gammadan ibsan. Akka Amy Muise Kananadaa Torontoo, Yunvarsitii Yoorkiitti gargaaraa pirofeesara Saayikolojii jedhaniitti, ''waa'ee namoota walitti dhufeenya jaalalaa keessa jiranii hunda yaadne, parsantaa 5 kan ta'an wal hubannoon kan gaa'elaan ala deemaniidha.'' ''Muuxannoo jireenya guutuutiin ammoo, kanneen parsantaa 21 ta'an yeroo ta'eetti kan nama tokkichaan ala yaalaniidha,'' jedhan. ''Haallii akkasii kun baramaa dhufuusaa baayyee na hin dinqisiisu,'' kan jedhu ammoo Amy Muurs, Kaaliforniyaa Yunvarsitii Chaapmaaniitti gargaaraa pirofesara Xinsammuuti. Kunis haala hawaasa keessa jiraatamuutiin kan wal qabatu ta'ulleen ni himu. Haata'u malee, ammatti namoonni akkasii kun sababii weerara Covid-19tiin carraan isaan itti maatiin ala bahuun jaalallee biraa itti barbaadan biyyoota tokko tokkotti hir'ateeras jedhu. Namoonni gaa'elaan ala nama biraa waliin jaalala uummatan, yeroo isaan jaalallee isaanii manaan alaa waliin itti dabarsan xiqqaadha. Kun ammoo hangam nageenya isaanii irratti dhiibbaa akka qabaatu ifa miti. Garuu ammoo qorattoonni Xin-samuu hawaasaa akka jedhaniitti, namoonni jaalalleewwan hedduu qabu, isa kan jaalallee tokkittii waliin jiraatu caalaa faayidaawwan hedduu argachuu mala jedhu. Dhiiraafi dubartii tokko qofaan jiraachuun yoom eegale? Seenaa ilmaan namaa keessatti dhiiraafi dubartii tokko jidduutti gaa'ela dhaabbachuun yoom akka jalqabe ilaalchisee sirriin hi nbeekamu. Qorattoonni damee kanaa garuu wayita duriitti garaa garummaan qaamaa dhiirotaafi dubartoota gidduu waan tureef dhiirri tokko dubartii tokko qofa waliin jiraachaa akka tureef (non- monogaamy) ta'usaaniitiif akka ragaatti kaasu. Dhiironni bara durii qaamaan dhubartoota irra baayyee guddaa ta'unsaanii gama lamaaniitiinuu kan isaaniif ta'u barbaacha jecha nama tokkoon ol waliin quunnamtii saalaa raawwataa turan jechuun mormu. Haalli kunis yeroo hunda dhugaa ta'uu baatulleen jaldeessa gurguddaan lolaan garee kaan mo'atu haaluma dubartoota naannoo isaa jiran kan ofii taasifatu sana eeruun, sanyii ilmaan namaa durii birattis kun dhugaa ta'uu himu. Haata'u malee, gareewwan qorattootaa hambaa sanyii qorachuun yaada kana mormaniis jiru. Gareen kunis ilmaan namaa dubartiifi dhiirri tokko qofti quunnamtii saalaa raawwachuun (monogamy) durii kaasee jiraachuu hin oollee ture jechuun mormu. Ragaalee hambaa irraa akka barameetti, ilmaan namaa bara durii gareewwan maatii xixiqqoon walitti dhiheenyaan jiraataa turan. Qorannoowwan keessatti sanyii ilmaan namaa adamoon jiraatanii dubartiifi dhiirri tokko qofti waliin jiraachaa ijoollee akka godhataa turan mul'isu. Ammatti wanti nu beeknu yoo jiraate, parsantaan 85 hawaasa addunyaa ammayyaa'aa keessatti jireenyi ykn gaa'elli nama tokkoon olii kan adabameedha. Walumaagalatti, haalli addunyaarratti mul'atu dhiirri tokko dubartii tokko waliin qofaan jiraachaa (walitti dhufeenyaa quunnamtii saalaa qabaachuu) mul'isa. Kunis waan baramedha, garuu seenaadhaan ilmaan namaa haala kanaan jiraachaa kan hin turre ta'uu mul'isa. Ofii dhiirriifi dubartiin tokko qofti bara jireenyaasaanii waliin akka jiraataniif maaliif akka gaariitti fudhatame? Kanaaf dhiibbaan aartiifi aadaan guddina ilamaan namaa keessatti qabu olaanaa ta'uu hima qorataa Moorsi. ''Bakka baayyeetti, maatiiwwan keenya wal fudhanii walumaan jiraachaa argaa guddanne. Bakkee baayyeettis ammoo dhaabbileen gaa'elaa jiru. ''Keessattuu erga lafa qabatanii kun keenya jechuun eegalameen booda, gaa'elli eegale. Innis haala namoonni ittiin qabeenyaasaanii maatiitti ittiin dabarsaniidha. Yeroo sanaa jalqabee haati warraafi abbaan warraa waliin jiraachuufi saalaa lamaan wal hawwachuu (heterosexuality)n dursa kennuu kan eegalan.'' Namoota biraas ilaaluun gaariidhaa? Qorannoon akka mul'iseetti cimdiiwwan fedhii quunnamtii saalaa garaagaraa qaban yoo nama biraa bira deemuu eegalaniitti namoota kaan caalaa gaahilsaanii ni diigu. ''Walitti dhufeenya keessatti yeroo hedduu fedhiin cimdiiwwan lamaan jidduu garaa garummaan ni jira,'' jedha Muyis. Haata'u malee, ''Yoo namoota biraa waliin quunnamtii yaaluuf fedhii kan qabu ta'e yaalee baruun gocha fayya qabeessaadha,'' jedhan. Namoonni baayyeen cimdiisaaniitti ifatti himu baatanilleen gochuun kun kan baroota dheeraaf turedhas jedha. Haata'u malee, namoonni muuxannoo akkasii keessa darban waa'ee walitti dhufeenyaafi gammachuu quunnamtii saalaa isaanii ilaalchisee ifatti himuu hin fedhan jedha qorataan kun. ''Namooti waa'ee walitti dhufeenya isaan nama biraa waliinii dubbachuuf fedhaniifi kan amma dhaabaniif gammachuunsaa olaanaadha,'' jedha Samaantaa Jool Yunvarsitii Weest Landaniifi Kanaatti gargaaraa pirofesaraa Xin-sammuu kan ta'an. Haata'u malee, namoota jaalallee tokkoon ala deemaniif, muxannoon gammachuu quunnamtii saalaa nama lammaffaa waliin argamu, fedhii kan jalqabaa waliin qaban jalaa akka hir'isu himu Jool. Kunis sababii inni alaa nama biraa waliin gammadee galuu biraa fedhiin kan jalqabaa waliin gammadduu waan gadi buu'uuf jedha. ''Namoonni jireenya quunnamtii saalaa isaanitiin yoo gammadan karaadhuma ta'ee akka himan ni beekna. Garuu namoota cimdiin ala namoota biraa bira dhaqaniif daangaansaa waan hin beekamneef ifatti dubbachuun rakkisaadha,'' jedha Jool. Gammachuun miiraa, nagummaan namatti dhagahamuun, guddachuufi walitti hdiheenyi walitti dhufeenya barame keessatti yeroo gara yerootti kan dagaagudha. Haata'u malee, dharraafi osoo hin yaadne quunnamtii saalaaf barbaachi wal jalaan ni hir'ata. ''Jalqabarratti saalaa faallaatiin hawwatamuufi dardarummaatu jira. Achinii ammoo waanuma barame ta'a. Kanaaf, yeroo hunda akka haaraatti yaaduun fedhii cimaan waliin jiraachuu ni rakkisa,'' jedhu oggeettiin Xin-sammuu Yunvarsitii Yoork, Rhondaa Baalzain. Baalzaariin kanaaf akkasiin fakkeenya keessi. Nama jalqaba waliin gaa'ela dhaabbatanii, waliin jiraatan, ijoollee waliin godhattaniifi itti-gaafatamummaa jireenyaa waliin qooddattu. Gochaawwan kanneen hundaaf dirqama akka fedhii quunnamtii saalaa wal hawwachuun barbaachisaa hin ta'u jetti. Namni lammaffaan fedhii saalquunnamtiif bira deemamuus itti-gaafatamummaawwan kanneen si waliin hin qooddatu. Kanaaf, fedhiifi hawwattummaan gaa'ela kee duraa waliin qabdu gadi bu'uun kanaaf si hin gargaaru jetti. Tarii namni lammaffaan sun fedhii quunnamtii saalaa caalaa siniif guutuu mala ta'a jetti. Kanaaf, namoonni muraasni gaa'elasaanii jalqabaa keessa jiraachaa haalli itti fedhii saalqunnamtii kan duraa irraa dhaban ifatti beeksiisuun nama biraa irraa itti argatan akka jiru hima Jool ammoo. Garuu niitiin abbaan warraashee dubartii biraa akka fuudhu/dhaquuf hayyamtu attamiin innaaffaa dandeessii? Cimdiiwwan biratti tokkoon isaanii waan ta'eetti wayita gammadan arguun gammaduun kan barameedha. Haata'u malee, haalli kun yeroo hedduu dhimma walitti dhufeenya quunnamtii saalaatiin ala kan ta'udha. Darbee darbee ammoo abbaan warra haadha warraa lama bakka fudhuutti haatii warra jalqabaa haalli itti akka abbaan warraashee dubartii biraa waliin gammachuu argatuuf waliigaltu ni jira. Kana jechun garuu innaaffaan gonkumaa itti hin dhagahu jechuu miti. Gama innaafaatiin yoo ilaalame kan dhiirootaa cimaa ta'uu barreessite jirti Kaatiriin Aumerr, Yunvarsitii Haawaayi Paasifikiitti qorattuu kan taate. Akka yaad-rimee jijjiirama tirataa (evolution) mul'isuutti, abbummaa ijoollee isaanii baruuf kan caalaa kaka'an dhiiroota. Dubartooti garuu abbaa ijoollee isaanii baruuf dhima walxaxaa miti. Haata'u malee, waadaa galame wayita cabuutti dubartoonni caalaa akka innaafan himti Aumeer. Dhiibbaa ijoollee guddiisuu ilaallatuun, dubartoonni dhiira isaan waliin jiru akka isaan waliin turuun nyaataafi eegumsa isaaniifi ijoolleef taasisu gochuuf kaka'umsa cimaa qabu. Dhiirrii dubartii biraatiin hawwatame jechuun, silaa waan dhiira sanarraa argachuu malan haalaan hin argatamu jechuudha. Ergasuu namoonni maaliif diira/dubartii bira deemuu filatu? Namoonni muraasni kaan caalaa yeroo tokkotti walitti dhufeenya quunnamtii nama tokkoon ala haalaan qabachuuf dandeettii akka qaban ragaaleen ni mul'isu. Yaad-rimee walitti dhufeenyaas miirriifi nageenyuummaa ykn nagenyummaan itti dhagahamuu dhabuun attamiin walitti dhufeenyawwan keenya akka itti kallatti qabsiisuufi maaliif namoonni abbaa warraasaanii ykn haati warraasaanii nama biraa bira akka demtuuf akka hin barbaadne ni ibsa. Kiriis Firaalii Yunvarsitii Ilinoos irraa ragaalee deebii gaaffiilee qorannootiif waggoota 20f kenname walitti qabaa ture. Waliigalattis namoonni kuma 200 ta'an gaaffii qorannoo kana gutaniiru. Ragaa kanatti fayyadamuunis, namoota nageenyummaan itti dhagahamu, kan baayyee hin yaaddoofne, nama kaan ofirraa fegeessuun kan barbaadaniifi kanneen akka salphaatti hin qaanoofnetu nama tokko caalaa jireenyaa nama biraa waliin walitti dhufeenya quunnamtii qabaachutiin hawatama jedhan Moorsi. Akkasumas, irra caalaa namoota quunnamtii saalaa nama tokko waliin gammachuu hin arganneetu jireenya akkasii filatas jedha. ''Namoonni walitti dhufeenyaa tokkoon olii qabaatan waliigalatti isaan fedhii caalaa qabaniidha,'' jetti Baalzaarin. "Namoonni walitti dhufeenya quunamtii saalaa tokko qofaan jiraatan fedhiin jaalalaafi quunnamtii saalaa isaanii madaalawaadha. Namoonni dhiira ykn dubartii tokkoo olii waliin oolan garuu fedhiinsaanii kunneen baayyee cimaadha. Kanaaf, fedhii jaalalaafi quunamtii saalaa isaanii lamaanuu nama tokkicharraa haala barbaadaniin itti gammaduu hin danda'an.'' Qorannoo kanaanis, dhimma quunnamtii saalaatiif nama tokkoon ol bira deemuuf fedhii qabaachuu kana ilaalchisee, garaa garummaan walitti dhufeenya umurii, galii, eddoo, barnootaa, sanyii, sabummaa, amantaa ykn siyaasaa akka hin jirree Moorsi ni dubbata. Kana malees, haala jireenyaa hawaasa hedduu biratti fudhatamaa ta'e, kan dhiirri tokkoofi dubartiin tokko qofti waliin jiraataniin ala bahuuf sodaan maalan jedhamaa bakka hunda jiraachuu Moorsi ni dubbata. Hawaasa tokko tokkoo keessatti, dhiibbaan nama jireenya dubartii tokkoo ol waliin walitti dhufeenya quunnamtii saalaa qabaachuu barbaadan irra gahuu malu cimaa ta'uu danda'a.
oduu-47383765
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47383765
Sintaayyoo Isheetuu: Leenjisaa waggoota 30'f mo'icha atileetotaa duuba ture kana beektuu?
Akka carraa ta'ee atileetonni bebbeekamoo Itoophiyaa hedduun kan maddan Naannoo Oromiyaa Godina Arsii akka ta'e himama.
Leenjisaa Sintaayyoo Isheetuu wayita kophee barataa isaanii sirreessan Haa ta'u malee atileetota kanneeniif eenyu deeggarsa ogummaa taasisuun beekamtiif isaan qopheessaa akka ture baayyee hin dubbatamu. Isaanis leenjisaa Sintaayyoo Isheetuu jedhamu. Atileetota ciccimoo akka Daraartuu Tulluu, Qananiisaa Baqqalaa, Xirunash Dibaabaa fi kanneen biroo hedduu leenjisanii bu'aaf kan geessisan leenjisaan atileetiksii Obbo Sintaayyoo Isheetuu, turtiin BBC waliin taasisan kunooti. BBC: Sintaayyoo Isheetuu eenyudha? Obbo Sintaayyoo Isheetuun: Magaalaa Boqojjiitti leenjisaa atileetiksiiti. Leenjisummaa atileetiksiitiin federeeshinii atileetiksii idil addunyaa irraa leenjisummaa sadarkaa sadaffaa leenjii fudhadheera. BBC: Akkamitti gara leenjisumma aatileetiksiitti dhuftan? Sintaayyoo Isheetuun: Ani durumaanuu barsiisaa barnoota guddinaa fi jabeenya qaamaati. Atileetiksiirrattis nan hojjedha. Yeroo sana ture ijoollee mana barumsaa keessatti filadhee hojjechiisuun kanan eegale. Bu'aa argannaanin edaa yoon hojjedhe bu'a qabeessa ta'uu nan dandahaa jedheetiin achumaan cimsee itti fufe. Hojii kanarattii amma waggaa 30 lakkoofsiseera; ammas ittuman jira. BBC: Atileetonni bebbeekamoon isin leenjistan eenyu fa'i? Sintaayyoo Isheetuun: Dura dura mana barumsaa 'Tigil Firee' jedhamutti barachaa kan turte Daraartuu ture kanin leenjise. Isheen jalqaba olompiikii Barseloonarratti injifatte. Gaafa Barseloonaratti Daraartuu Tulluu injifattu imimmaantu naqabe. Yeroo sana ani Hararitti barumsarran ture. Gaafan injifannoo ishee argu miira kiyya too'achuun dadhabe. Baayyee baayyeen itti gammade. Sana booda mmoo Qananiisaa, Xurunash, Ganzabee, Taarikuu, Tiikii fa'a muraasa isaaniiti lakoofsaan hedduudha kanin leenjise lakkaa'ee hin fixu. BBC: Hojii Barsiisummaa akkamitti dhiistan? Sintaayyoo Isheetuun: Barsiisummaan waggaa 25 barnoota guddinaa fi jabeenya qaamaatiin bariisaa ture. Barnoota hojii idileetiin ijoollee ergan barsiiseen boodan gara leenjii atileetiksii kana kennuuttimmoo deema. Sababa kanaaf hojiin natti baayyatee ijoolleen atileetiksii kana leenji'anis lakkoofsaan waan baayyataniif hojii barsiisummaa guutummatti dhiiseen gara leenjisummaa atileetiksii kanatti guutummaan gale.BBC: Maatii keessan keessaa kan gara atileetiksii seenan jiruu? Sintaayyoo Isheetuun: Duraan mucayyoon tiyya Xurunash fa'a waliin pirojektii federaalaa keessa turte. Booda hojiin kun nama hundaaf hin ta'u waan ta'eef isheen dhiistee gara barumsaatti deebite. BBC: Atileetota isin leenjistanii beekamoo tahan deebi'anii isin gaafatuu? Sintaayyoo Isheetuun: Isaan yeroo baayyee gara Boqojjii hin dhufan. Walitti dhufeenyas hin qabnu. Darbee darbee Daraartuu fi Qananiisaan yoo dhimmaaf garana dhufan nadubbisu malee homaa walitti hin dhufnu. Waggaa tokko keessattuu wal hin arginu isaan waliin. Oolmaa darbeef wal gaafachuun hin jiru. Hunduu kanuma ofii jiraata malee walgaafachuun kun hin baratamne. Teessoon isaaniis Finfinnee waan ta'eef garana baayyee hin dhufan. BBC: Atileetonni leenjistanii maqaa guddaa horatan yoo isin dagatan maaltu isinitti dhagahama? Sintaayyoo Isheetuun: Ani biyyaafin hojjedha malee nama dhuunfaatiif jedheetii miti. Ani kanin ilaalu ijoolleen leenji'an bakka guddaa gahanii, kaanis jalaa horatamaa hojii kana cimsaa deemuu kiyyan ilaala malee homaa tokko kana yaadee natti dhagahamees hin beeku.BBC: Leenjisummaa atileetiksii wagga 30 irraa bu'aan isin argattan maali? Sintaayyoo Isheetuun: Hojiin waggoota 30'f hojjedherraa kanin argadhe waan biraa miti. Beekamtii qofa. Waan biraa waanan argadhe hin jiru. Beekamtii argatanii ummata biratti jaalatamuunuu waan guddaadha. Waan biraa hin eegnes hin argannes. Jireenya kiyyas kanin jiraadhu mindaama mootummaan naaf kanfaluuni. Akka lammii tokkootti isumaanin fayadamee jiraadha jechuudha. BBC: Boqojjiin carraan atileetiksiif qabdu maalirraayi? Sintaayyoo Isheetuun: Qilleensi asii baayyee ulfataadha yeroo fiigdu hafuura baafachuufuu baayyee waan ulfaatuuf namni asitti fiigicha shaakalee qilleensa gara bakka biraa yoo deeme qilleensi baayyee itti salphata. Teessumni lafaas shaakalaaf baayyee mijataadha. BBC: Boqojjiin akka durii madda atileetotaa tahaa hin jirtu jedhama kuni dhugaadhaa? Sintaayyoo Isheetuun: Yeroon ammaa fi yeroon durii tokko miti. Yeroo duraanii manaajeronnii atileetiksii irratti hojjetan baayyeen hin jiran. Yeroo amma kana baayyeedha kanaaf atileetonni amma erga nuti leenjisneen booda kilaboota Oromiyaa haga 20 tahan ni fudhatamu. Erga fudhatamaniin booda manaajeraan biyya alaa deemanii hojjetu. Yeroo akkanaa biyya tokko yoo deeman ji'a tokko keessatti dorgammii sadii fi afur dorgomu. Yeroo kana humna isaanii fixachaa deemu jechuudha. Humna kuufatan fixatanii wan deebi'aniif yeroo fiddee biyyaaf hiriirsitu humnisaa ni dhuma.Dhimmi jireenyaas kanuma keessa waan jirtuuf sababootuma Kanaan hir'achaa deemera jedheen yaada. Yoo irratti hojjenne garuu deebisuuu waan dandeenyudha. Mootummaanis qajeelfama rakkoo kana furu baasee cimnee yoo hojjenne garuu Boqojjiin maqaashii duriitti waan hin debineef hin jiru.Yoo akkanumatti hunduu fakkeessaa deememmoo bakka duriitti hin deebi'u.BBC: Hariiroon Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa waliin qabdan maal fakkaata? Sintaayyoo Isheetuun: Federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa bakkan jiruyyuu nan beeku. EBC qofatu yeroo darbe nawaamee birrii kuma 50 fi waancaa nabadhaase. Haa galatooman. Ani jaalaluman hojii kanaaf qabuufin itti cichee ijoolleen ciccimtuun akka kaleessaa yoo nuuf baate jedhee hojjecha jira malee, osoo akka federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa fi federeeshinii atileetiksii Oromiyaatii homaa takka hin hojjedhu. Walii nahuun hin jiru hunduu kanuma ofii ilala malee, namni waan hojjetamee fi hin hojjetamne deebi'ee ilaalu hin jiru. Akkanumatti lafaa kaanee ijoollee kana Finfinneedhaa fuunee addunyaaratti beekamoo goonee? Namni hojii Kanaan duuba jiru eenyu eenyutu itti dadhabee asiin gahe jedhee namni garagalee ilaalu hin jiru. Hunduu ofumaaf hojjata. Warri Inglaand dhufanii magaala Boqojjii kanaratti fiilmii 'Town of Runners ' jedhu hojjetanii hojii keenya addunyaaratti kan beeksisan isaani. Kan biyya keenya garuu namni garagaree ilaalu hin jiru. Ani garuu hin aaru hojii isaanii ilaalee. Sababnisaas ani hojii biyya kiyyaatiin gahee narraa eegamu baha jira waan ta'eef. BBC: Leenjisummaa Atileetiksii hammamiif itti fuftu? Sintaayyoo Isheetuun: Hangan danda'utti inuman hojjedha. Yoo umriidhaan ta'ee dhiise malee hojii kana itti fufuuf fedhii guutuun qaba. Ta'us yeroo baayyee hamileekee kan eegu ni barbaachisa. Jijiiramamuma amma dhufe kanaanillee hamilee walii kennuun barbaachisaadha hojiin kuni akka cimuuf. Boqojjiin rakkoon qabdu tiraakii qofa malee shaakala teessuma lafaa kaaniitiif waan leenjii homaa wanti dhabne hin jiru. Tiraakii kuni garuu mijataa waan hin taaneef ijoolleen yeroo shaakalan miilasaanirraan miidhaa geesisaa jira. BBC: Galmee raga atileetotaa itti qabattan yoomirraa eegaltanii galmeessuu eegaltan? Sintaayyoo Isheetuun: Galmee kana kanin eegale bara 1992tti. Yeroo sana warra leenji'utu saantima kudhan kudhan walitti buusee galmee lamaan kana bite. Sanumarraayiin ijoollee galmeessuu jalqabe. Namuu kana godhi naan hin jenne gaafan ragaa kana galmeesuu jalqabu. Ana baayyee nafayyade. Dhiheenyuma kanaawuu Oromiyaarraa mee ijoolleen isin biratti leenji'an eenyu faa'I jedhanii ragaa nagaafannaan galmeema kiyyarraan walitti funaanee salphumatti isaan beeksise. Kanin galmee kiyyarratti ragaa qabadhus maqaasaanii, bara dhalootaa, bakka dhalootaa saala, madaallii sa'aatii isaan itti figanis nan galmeessa. BBC: Ijoolleen leenjistan yeroo maal godhan isin aarsu?Sintaayyoo Isheetuun: Ani kanin gammadu ijoolleen ani hojjisiisu seera qabeessaan hojjetanii asiifi achi osoo hin deemin akka jiraatanin barbaada. Boqonnaa gahaa qabaachuu qabu. Kan biraa atileetii ta'ee ijoollee saala faallaa waliin asiifii achi jedhu baayyeen jibba. Ani Boqojjii keessa yeroon socho'u ijaan ijoollee nabiratti leenji'an nan too'adha akka waan guddaa itti fakkaatee saala faallaa waliin walhammatanii asiifii achi hin jenneef. Yeroon ijoollee akkasii argu baayyeen aara. Bariituu sana waameen gorsa kennaaf. Gorsa kanarra darbee kan hojii akkanaa itti fufe homaa gochuu hin danda'u. Kana kanin godhu faayiduma isaaniitiifi sababa Kanaan bu'aa argachuu malu akka hin dhabneefi. Mucaan tokko kan akkanatti narakkise jira ture. Hammuman magaala keessa socho'u isaa dubartii hammatee deemun arga. Irra deddeebi'een gorse. Waggaa tokko guutuu ittuma fufe. Booda hiriyoonni isaa guddatanii kilaboota biraa seenan. Inni isaan biraa waan hafeef booda badii isaatti gaabbee dhiifama nagaafatee amma haala gaariidhan leenjii fudhacha jira.
oduu-55460010
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55460010
Dargaggoo Hindii butame: 'Na butani, na tumanii akkan fuudhuf na dirqisiisani'
Biyya Hindii naannoo Bihaar jedhamutti dhiirota kumaatamatu akka fuudhanif waggaa waggaan butama.
Kuni, tarii bakkeewwan biroo dubartoonni yeroo dheeraaf butamanii dirqiin gaa’ela akka raawwatan ta’aniin faallaadha. Maatiin shamarran biyya Hindii dhiibbaa aadaan irra gahuun kan ka'e misiirroo gaarii ijoolleessaniif argachuutu isaanirra eegama. Baha Hindii naannoo Bihaaritti nama akkanaa argachuuf jecha maatiin tokko tokko ijoollee dhiiraa butuuf dirqamu. Dhiirri waggaa 17 Rooshaan bara 2017 butamuun dirqiin sirna gaa’elaa akka raawwatu taasifameera. ‘‘Na butani, na tumanii akkan fuudhuf na dirqisiisani. Fala maaliin qaba. Namoota kudhanitu qawween na doorsise,’’ jechuun BBC’tti hime. Garuu itti hin gammanne. Intala waliin jiraachus ni dide. Maatii ishees poolisiitti gabaase. ‘’Ani baradhee bakka guddaa gahun fedha. Yoon gaa’ela kana tole jedhee fudhe jireenyikoo ni bada,’’ jechuun sababa bultii dirqamaa ijaarrachuu dideef hima. ‘’Ani gonkumaa hin fudhadhu. Maatiin ishees yoo barbaadan na ajjeesuu danda’u garuu dirqamaan akkan ishee simadhu na gochuu hin danda’an,’’ jechuun BBC’tti dubbate. Obboleettiinsaa Piriyaankaan waan obboleessa ishee qunnameen maatiin ishee naasuu keessa seenanii akka turan himti. ‘’Cidhi kuni raawwachuun irra hin turre. Maatiin keenya hundi baay’ee dhiphataniiru. Maatiin intalaas kasaaraniiru. Kuni badii maatii isheeti,’’ jetti. Hindii: biyya dhiirri butamee gaa'ila raawwatu Gaa'ela kana keessatti shoora olaanaa kan qabu qoodinsa hawaasa keessa jirudha jedhu ogeeyyiin. ''Wanti guddaa sanyi beekamaarra ta'uudha. Nuti maatii gaarirraa dhufne waan ta'ef ilma maatii gaarii ta'e barbaanna. ‘’Kanaafuu kuni gaa'ela maati dirqamaati. Gaa'ila dirqii kan fedhii gurbaa yookiin intalaa malee raawwatedha,’’ jedhu Pirofeesar Bihaaraati Kumaar. Namni biraa kana dura butamee bultii ijaarrate Piraaven Kaamaar waan isa mudate akkanaan hima. Bara 2012'tti Piraaven Kaamaar butamuun akka Mahaaraani fuudhu godhame. Inni garuu haadha warraasaa waliin jiraachuu murteesseera. Yeroo ammaa daa’imas irraa godhateera. Akka inni jedhutti misirroonni butaman filannoowwan murtaawo qabu. ''Utuun gaa'ila kana hin fudhanne ta'e maatiin biroos naaf hayyamanii durbasaanii natti hin heerumsiisan ture. Jalqabarratti aareen ture. Amma nagaadhaan maatii kiyya waliin jiraachuu fedha,’’ jechuun hime. Haati warraa isaa waan hiriyyoonni ishee ittiin jedhan akkanaan himti. ''Hiriyyoonni kiyya waan ta'e irraanfadhu jireenyakee gammachuun jiraadhu naan jedhu. Wanti akkanaa jireenya keessatti ni mudata,’’ jechuun BBC’tti himte.
oduu-50954181
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50954181
Filannoo Biyyoolessaa: 'Bordiin Filannoo taphaan ala nu taasisuu barbaada'
Labsii filannoo baatiiwwan muraasaan dura mana maree bakka bu'oota uummataatiin raggaasifame ture. Keessattuu qondaaltonni siyaasaa gameeyyiin kan akka Pirofeesar Mararaa Guddinaa fi Pirofesar Bayyanaa Phexiroos keeyyatawwan labsiichaa muraasa irratti komii cimaa kaasaa turaniiru.
Labsichis paartileen galmaa'uuf mallattoo miseensoota kuma 10 walitti qabachuu qabaatu jechuun, keessattuu partii siyaasaa kan isaanii kana duras filannoo keessatti hirmaataniif kun haqa qabeessa miti jechuun mormaafi qeeqaa turaniiru. Pirofeesar Mararaafi Bayyanaan waggoota darban keessatti dhimma kana aanga'oota ADWUI duraanii kan akka Obbo Mallas Zeenaawiifi Barakat Simoon fa'ii waliin mormuun jijjiirsifne, amma labsii kana keessatti hamatamuun ragaasiifamuusaa sirri miti jedhu. Kanaan dura Pirofeesar Mararaan mallatoon miseensoota kuma 10 walitti qabuun baasii olaanaa gaafata yoo jedhan, Pirofeesar Bayyanaan ammoo osoo paartii kana duraa jiran ta'anii jiranuu akka haaraatti galmaa'aa jedhamuunsaanii haqa qabeessa miti, dhimmicha gara seeraatti geessuufu yaadaa jirra jechuun ibsuun saanii ni yaadatama. Amma garuu filannoon gaggeefamuuf baatiiwwan afur qofaatu hafe. Kanaafuu adeemsi galmee paartiilee kanneen maaliirratti argama jechuun BBC'n gammeessoota siyaasaa kanneen dubbiseera. Paartileen gara 70 ta'an labsii kanarratti mormiisaanii dhageessisanis, Boordiin Filannoo Biyyoolessaa garuu haaluma eegaleen gaggeessuu itti fufeera kan jedhan Pirofeesar Bayyanaan, torban darbee keessa boordichi guyyaa dhumaa kaa'uuf jennaan haalicha xumuruun akka dhiyaataniif akka isaan beeksiise ibsu. Dhimmicha gara seeraatti geessuuf yaadanilleen, irratti mari'achuun dhimmichi hangam baasaa kan jedhu murteessuun yaadasaanii geeddaru dubbatu. ''Biyya boodatti hafaa keessatti motummaan wal himachuun eessanuu nama hingahu. Haaloon nurratti qabama. Sochii keenya itti aanuuf rakkina nutti uuma'' jechuun murtee isaanii ibsu. ''Boordiin Filannoo gocha raawwataa jiru irraa ka'uun, paartiilee duraanii xabaan ala taasisuuf fedhii qabu jechuun amannaa'' jedhu Pirofeesar Mararaan. Labsicha cimsanii mormaniis, galmaa'uun isaanii dirqama waan ta'eef, dameewwan isaaniitti mallattoo miseensa isaanii walitti qabuuf qajeelfama kennuun sochii eegalusaanii Pirofeesar Bayyanaan ni dubbatu. ''Adaraa seeraa jennuus kan nu dhagahu dhabnee jirra,'' kan jedhan Pirofesar Bayyanaan, tarii akkuma barbaadametti ''humna dhabuun gara manasaaniitti deebii'an akkuma hinjedhamineef'' waan danda'ameef hunda akka raawwatan dubbatu. "Akkan tilmaamuutti baatii lama keessatti xumuraa galchaa jechuunsaanii hinolu. Haala ammala amma boordiin filannoo agarsiisaa jiruutti guyyaa 15 keessattuu xumuraa jechuu danda'u ta'a,'' jechuun tilmaamasaanii ibsu. Gama biraatiin ammoo Pirofesar Mararaan dirqamuun haaluma labsiin falannoo jedhuutti galmaa'uuf sochii taasisuuf eegalusaanii dubbatu. "Osoo hinjaalatiin dirqamaan haala kana keessa gallee jirra. Mormii keenya garuu itti fufna'' kan jedhan Pirofesar Mararaan, filannoo gaggeessuuf baatii afur qofa hafee keessatti mormiin homaa bu'aa hinqabaatuus jedhu. ''Tarii kan yaadamee nuy xabaan ala taasisuu waan tureef, akka akkasi hintaaneef nuti hojii kenya raawwaachu qabna jechuudha,'' jechuun himu. Hoggantoonni paartilee lamaaniitu labsii filanniichaa keessaa akkasumas keeyyata hirmaannaa hojjattoonni motummaa filannoorratti qabaatan ilaalchisee bahees ni mormu. Kana dura wayita haasofsiifneetti, hojjataan motummaa tokko filannoo keessatti ni hirmaata yoo ta'ee hojiisaa gadhiisa kan jedhuu labsicha keessatti hammatamusaa Pirofesar Mararaa 'kun baayyee qaaniidha'' jechuun ibsuun saanii ni yaadatama.
oduu-50149430
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50149430
Yaa'ii Afriikaa fi Raashiyaa: Fedhiin Raashiyaan Ardii Afriikaa irraa qabdu maali?
Raashiyaan tibbana marii hooggantoota biyyoota Afriikaa hedduu hirmaachise geggeessaa jirti.
Helikooptaroonni waraanaa meeshaalee Raashiyaan dhiyeessitu keessaati Kunimmoo Raashiyaan biyyoota biroo caalaa Afriikaa keessatti fedhii qabaachuushee kan agarsiisuudha. Yuuniyeniin Sooviyeetotaa duraan Afriikaa keessa haalaan socho'aa turanillee yeroo waraana hololaa booda garuu olaantummaan siyaas diinagdee Raashiyaa Afriikaa keessaa hir'ateera. Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin imaammata dhimma alaa biyyasaanii keessatti xiyyeeffannaan jalqabaa Afriikaa waliin michummaa cimsuu akka ta'e dubbatan. Fedhiin Raashiyaan Afriikaa keessatti agarsiisaa jirtu kun hagam bu'a qabeessa? Fedhii Raashiyaa Michummaan Raashiyaa fi Afriikaa bara Soviyeet irraa eegalee kan ture yoo ta'u yeroo ammaa Moskoon bifa haaraadhaan seenaa walitti dhufeenyaa kana cimsaa jiraachuu beeksisteetti. Yaa'ii Raashiyaan biyyoota Afriikaa waliin gaggeessitu osoo hin eegalamin dura gaaffii fi deebii miidiyaa biyyattii waliin kan taasisan Pirezidaanti Putiin michummaa Afriikaa waliin cimsuun hojii dursa argatuudha jedhan. Biyyoota Afriikaaf deggersa siyaasaa fi dippiloomaasii, ittisaa fi nageenyaa, diinagdee, to'annoo dhibee, deggersa namoomaa fi gama barnootaan akka taasisan waadaa galaniiru. Erga bara 2015 as hooggantoonni biyyoota Afriikaa 12 irraa Raashiyaa daawwataniiru, kanneen keessaa ja'a bara 2018 keessa qofa kanneen Moskoo daawwataniidha. Hooggantoonni biyyoota Afriikaa fi Raashiyaa walitti adeemuu eegallaan Ameerikaan ammoo mufachuu eegalte. Bara darbe Ameerikaan Afriikaa waliin hojjechuuf hariiroo tarsimaawaa diriirsitee turte. Xiinxaltoonni Ameerikaan Raashiyaa fi Chaayinaa dura dhaabbachuuf hojii akkanaa eegalte ittiin jedhu. Hariiroo loltummaa Raashiyaan gama ittisaan michummaa cimaa Afriikaa waliin qabdi, meeshaalee waraanaas baay'inaan dhiyeessiti. Garuu gabaan meeshaalee waraanaa Raashiyaa guddichi Afriikaa osoo hin taane Eeshiyaadha. Garuu erga bara 2014 as hariiroon gama meeshaa waraanaatiin jiru Afriikaa fi Raashiyaa gidduutti cimaa dhufeera. Ergasii Raashiyaan biyyoota Afriikaa 19 waliin waliigaltee meeshaa waraanaa fi gama loltootaa mallatteessiteetti. Bara 2017-18 gidduutti Raashiyaan biyyoota akka Angoolaa, Naayijeeriyaa, Sudaan, Maalii, Burkina Faasoo fi Ikkuwaatooriyaal Giiniif meeshaalee waraanaa dhiyeessa turte. Nagaa eegsistoota Raashiyaa Afriikaa keessatti Hariiroon Raashiyaan gama lotummaa fi nageenyaatiin Afriikaa waliin qabdu dhiyeessii meeshaa waraanaa qofaan kan murtaa'e miti. Raashiyaan humna nageenyaas gara biyyoota Afriikaatti erguun sochii nagaa eegsisuu keessatti hirmaachaa turteetti. Keessattuu Rippaabilika Afriikaa Giddu Galeessaa keessatti UN deggeruun garee riphee loltootaa haleelaa turteetti. Qabeenya uumamaa Raashiyaan hariiroo diinagdee biyyoota Afriikaa waliin uumuuf fedhii guddaa akka qabdu ibsiteetti. Keessattuu damee albuudaa kan indastirii isheef murteessaa ta'an irratti biyyoota Afriikaa albuudaan badhaadhan waliin hojjechuuf akka jirtu ibsiteetti. Albuudi daayimandii waan Raashiyaa feetu keessaa isa jalqabaati Raashiyaan qabeenya uumaa, keessattuu albuuda uumamaa biyyoota Afriikaa akka Angoolaa, Mozaambik, Kaameeruun, Gaanaa, Naayijeeriyaa fi Rippaabilik of Koongoo keessatti oomishuuf hojii eegalteetti. Hariiroo daldalaa Garuu haala diinagdee walii galaatiin Raashiyaan biyyoota Afriikaa caalaa Awurooppaa fi Eeshiyaa waliin walitti dhiyaatti. Biyyoonni Sahaaraan gadii irra caalaa kan daldalaa turan Raashiyaa waliin osoo hin taane Indiyaa, Chaayinaa fi Ameerikaa waliin. Ameerikaa, Chaayinaa, Jaappaan, fi Gamtaan Afriikaa Raashiyaa caalaa misooma Afriikaa deggeraa turan, gargaaraas turan. Raashiyaan yeroo ammaa michummaa diinagdee bara Sooviyeet ture haaressuun biyyoota Afriikaa waliin gama hundaan waliin hojjechuu barbaaddi.
oduu-47067613
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47067613
Sa'uudii Arabiyaan duula farra malaammaltummaa xumurte
Sa'uudii Arabiyaan duula farra malaammaltummaa kan bara 2017 labsitee turte amma xumuruushee ibsite.
Qacceewwan mootolee fi namoonni bebbeekamoonHoteela Ritz-Carlton kan magaalaa Riyaad keessatti argamu keessatti hidhamaa turan Erga duula kana labsitee qacceewwan mootolee fi kanneen isaanin hidhata qaban fi tujaaronni bebbeekamoon to'annoo jala oolaniiru. Aanga'oonni Galoo Galaanaa akka jedhanitti duulli farra malaammaltummaa labsamuu isaatiin biyyattii maallaqa duraa hatamee ture naannoo doolaara ameerkaa biiliyoona 100 deebifatteetti. Akka isaan jedhanitti dhimmi namoota 87 kanneen himata irratti baname amananii fudhatanii furmaata argateera. Garuu namoonni saddeet kanneen cichanii himata irratti baname morman dhimmi isaanii mana murtiitti akka ilaalamu ta'eera jedhan aanga'oonni biyyattii. Himatni namoota 56 ammoo sababa dhimmi isaanii yakkaan walqabatuuf hanga yoonaa furmaata hin arganne. Duulli kun malaammaltummaa fi ilaalcha malaammaltummaa cabsuuf jecha bara 2017 ilma mootichaa, Mohammad bin Salmaaniin eegalame. Hanga duulli kun turetti maatiin mootolee, ministiroonnii fi tujaaronni 200 caalan to'annoo seeraa jala oolaniiru, hedduunsaanii hoteela Ritz-Carlton kan magaalaa Riyaad keessatti argamutti hidhamanii turan. Beektonni gameeyyiin hedduun sirna bulchiinsaa biyyattii keessaa hari'amuun ammoo biyyattii rifachiiseera jedha gulaalaan BBC dhimma biyyoota Arabaa Sebastian Usher Duulli farra malaammaltummaa ilma mootichaa, Mohammad bin Salmaaniin eegalame Duulli kun garuu dhimma investeroota biyya alaatiin walqabatee ka'aa tureef furmaata kaa'e hin qabu. Garuu tarkaanfiiwwan erga duulli kun labsamee fudhataman investeroonni maallaqa hedduu biyya sa'uudiitti dhangalaasuun hojii barbaadan hojjechuuf akka ofitti amanan taasisa jedha gulaalaan kun. Gama biraatiin Mohammad bin Salmaan ajjeefamuu gaazexeessaa Jamaal Kashoogjii kan ALA Onkoloolessa 2 bara 2018 Tarkii magaalaa Istaanbul keessatti raawwateefis komii guddaan irratti ka'ee jira.
oduu-44856257
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44856257
Boorana: Utuma isaan jiranii uummata keenya waraanaa jiruu
Dilbata Godina Gujii Bahaa aanaa Gumii Eldalloo ganda naannoo Somaalee waliin daanga'utti haleellaa jiraattootni naannichaa poolisii addaa naannoo Somaaleen rawwatame jedhaniin lubbuun namoota 6 darbuu fi 20 kan ta'an miidhaan qaamaa cimaa fi salphaan irra gahuu ibsame.
Jiraataan aanichaa barataa Yunivarsiitii Walayitaa Soddoo waggaa 1 ffaa ta'ee fi maati isaa bira boqonnaaf deeme, Didoo Waariyoo rasaasan rukutamee Hospitaala Negelleetti waldhaanamaa akka jiru BBCtti himeera. Erga walitti dhukaasuun eegalamee guyyoonni sadii darbuu kan himu Diidoon, ''dhukaasa dilbata banameeniin rukutame'' jedha. ''Waraanaa ganama sa'aa tokkotti dhufanii uummataa nagaa jiru irratti bananii hanga sa'aa toorbaatti walitti dhukaasuutu ture'' jedha Hospitaal Negellee Dilbata sa'aa booda waldhaansaaf kan gale Diidoon. Namni rasaasaan dhahamee hedduu dha kan jedhu Dargaggoon kun ''namoota rasaasaan rukutaman keessaa reeffa nama jahaa argeera, namni madaawe ammoo 20 ta'aa'' nuun jedhe. Akka Diidoon jedhutti hidhattoota huccuu irraaf jalaan walfakkaatu uffatan, meeshaa waraanaa jajjaboo qabataniifi baayyin isaanii dhibbaan lakkaawamutu dhukaase miilla isaa rasaasaan rukute. ''Kunniin liyyuu poolisii Somaaleedha dha'' jedha. Diidoon miseensonni poolisii addaa naannoo Somaalee lakkofsaan hedduu akka turanis dubbata. Diidoon Hospitaal Negeelletti rasaasni gudeeda seente baafamteefi natti furaa jira jedha. Hospitaal Negellee namni madaawee dhufe nama 16 akka ta'aniifi Hospitaala isaaniitti namni du'es ta'e reeffi dhufe akka hin jirre kan himan ammoo meedikaal Daayireektara Hospitaala Negellee Dr. Nuuree Areerooti. ''Sanbata duraa namni shan dhufanii Dilbata ammoo madoon 11 dhufaniiru'' kan jedhan Dr. Nuureen, namoota madaawanii keessaa tokko haalaa gaariirra hin jiruu jedhan. Namoonni lamas waldhaansa lafeef gara Hospitaal birootti rifeeriin ergamuu isaanii himaniiru. Aanichi amma haala maalii keessa jira jennee bulchaa aanaa Gumii Eldalloo gaafachuuf bilbillus bilbilli nuu bahuu hin dandeenye. Aana ollaa, aanaa Liibanitti bilbillee, Bulchaa aanichaa Obbo Waariyoo Goolicha argannee wayita dubbifnu, kaleessa sa'aa booda aanaa Gumii eldalloo daawwatanii haalichi tasgabbaa'aa jiraachuu nutti himan. Bilbilli naannoo sani akka hin baaneefi haalli akkasii aanaa isinatti yeroo hedduu akka mudate yaadatanii haleellaan kun miseensota poolsii addaatiin akka raawwatamee, shakkii akka hin qabne himan. ''uffati isaanii irraa jala walfakkaata, kopheen isaanii tokkuma, toftaan loltummaa isaaniis shaakala akka qaban agarsiisa, meeshaaleen hidhatanis meeshaalee waraanaa gurguddoo dha kanaan poolisii addaa somaalee akka ta'an beekna'' jedhan obbo Waariyoon. Qaamolee meeshalee ammayyaa hidhachuun isaan miidhuu dhufan horsiisee bulaan aanichaa aanuma qabuun ofirraa dhowwuuf yaalus himaniiru. Bakka haleellaan kun qaaqabetti qaamni nageenya mootummaa hin turre, walitti dhukaasa sa'aatii 7 oliif tureen booda qaamoleen haleellaa raawwachuu dhufan konkolaataan gara dhufanitti deebi'uu isaanii hordofee amma faarri tasgabbii jiraachuus nutti himaniiru. Hawaasni somaalee naannoo daangaa Oromiyaa, Godina Booranaa jiran gama isaaniin lafa isaaniirraa buqqaa'aa fi ajjeefamaa akka jiran tajaajila Afaan somaaleetti himaniiru. Maddi rakkoo kanaa saamicha lafaati jedhu. ''Moyaleen lafa murteessaa dha. Bakka daangaati. Lafti daangaa naannolee lameeniirra jiru hundi kan naannoo Somaaleeti, Dolow, Jigjigaa, Diree Dawaa fi Moyyalee dabalatee. Moyyalee fudhatanii to'achuun biyyoota ollaatti siiquu waan fedhaniif nu ajjeesu'' jedhu dhalataan naannoo Somaalee tokko. Malli maalii? Ministirri muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad pireezidantii Eertiraa daawwanaaf as turan ganama kan erga gaggeesanii booda ibsa kennaniin naannolee daangaa naannoo somalee Itoophiyaa fi Oromiyaa akkasumsa nannoolee biro jeequuf qaamota yaalii taasisaniin hojii jeequmsaa isaanirraa akka of qusatan gaafataniiru ejjeennoon akka fudhatamus ibsaniiru. 'Naannolee daangaa Oromiyaa fi Somaalee gidduutti lubbuun namaa [akka baalaatti] harca'aa jira,' kan jedhan Dr. Abiyyi, Poolisii Fedeeraalaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa 'Sa'aatii ammaarraa eegalee namootaa fi gareewwan uummatoota walitti buusan, lubbuun namaa akka darbu godhan, yookaan gargaaran gara seeraatti dhiyeessaa,'' jedhaniiru. Kan malees gidduu seenuun ittigaafatamummaa itti kennameef akka bahatan waamicha dhiheessaniiru. 'Kanas wayita gootan kasaaraa biraa akka hin dhaqqabsiifnef ogummaa keessan fayyadamaa,'' jedhaniiru. Mootummoonni Naannoo Somaalee fi Oromiyaa dhimma kana waliin ta'anii akka furanis ajajaja dabaraasaniiru. Ibsa ministira muummee hordofees Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaale daangaa nannolee lameenii irratti humnoonni nageenyaa mootummaa federaala akka gidduu galanii tasgabbii uuman waliigalaniiru. Ministirri muummee fi Pireezidantootni naannolee lameenii gidduu galummaa qaamolee nageenyaa mootummaa federaalaa haa hayyaman malee jiraattotni naannoo waldhabdeen kun itti baayyatuu jijjiirmni ni dhufa abdii jedhu waan qaban hin fakkaatan. Itti gaafatamaa waajjira dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godina Booranaa Obbo Galma Boruu guyyoota darban keessa aanaalee shan Godina booranaaf naannoo Somaalee daangessan keessatti lolli uummata irratti banamee lubbuun darbee fi miidhamni qaqqabe hedduu ta'uu himan. ''Raayyan ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa Moyyaale keessa jira. jiraachuun isaa homaa waan fayyade hin qabu'' jedhan. Bu'aan uummataa buusan osoo jiraatee uummata keenya lubbuu baraaruudha, qabeeny uummata keenyaa akka hin banne tolchuudha garuu hanga aammatti lubbuu uummata keenya bayyanachiisuu hin dandenye, badii qabeenya uummataa hambisuu hin dandeenye'' jedhan. ''Utuma isaan jiranii uummata keenya waraanaa jiruus'' jedhan.
oduu-54552616
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54552616
'Tasumaa fuunfachuu hin danda'u - garuu sababa Covid-19f miti'
Foolii roobaa nama miira fuunfachuu hinqabneef akkamiin ibsita?
Yaasmiin Salaazaar dhalootumaan waan kamiyyuu foolii fuuchuu hin dandeessu Yookaa ammoo haalluu reefu manatti dibame? Yookaas foolii bareedaa ilillii jannata keessaa? Yaasmin Saalaazaarif abbaa warraasheetu foolii yookaan urgaa ibsaaf. "Inni funyaan koo yeroo hundaati,'' jetti. "Akka natti himetti urgaan dammaa, erga bishaan daaktee baatee waan akka aduun qaama keerra bahuun, bishaanicha gogsu wahii fakkaata naan jedhe." Dubartiin ganna 38 Ameerikaa, Fiiniiks, Arizoonaarraa taate kun, miira fuunfachuu hin qabdu. Rakkoon akkasii kunis maqaa 'anosmia' jedhamuun beekama. Rakkoon kunis yeroo ammaatti weerara Covid-19n walqabatee namootni hedduun rakkoon kun waan isaan qunnameef, namoota biratti beekamaa dhufeera. Yaazmiin garuu rakkoo kana wajjin erga dhalattee jiraachaa jirti. Rakkoon akkasii namoota hangamii qunnama? Anoosmiyaan jireenya keerratti dhiibbaa geessisa. "Namoonni miira fuunfachuu isaanii dhaban, dhiphinaaf akka saaxilaman ni beekna," jetti UKtti daarektara dhaabbata Anoosmiyaarartti hubannoo uumu AbScent kan taate Saaraah Oklii. Namoota addunyaa gubbaa jiran keessaa %5 kan tahan rakkoo foolii fuudhuu qabu. "Sababoota gurguddoo anoosmiyaa fidan keessaa infeekshinii kanneen akka qufaa fi saayinasii fa'iiti," jetti Saaraah. "Kaan ammoo miidhaa mataarra gahu, yaalii carallaa kaansara mataafi mormaa, qorichoota hin heeyyamamne seeraan ala fayyadamuufi sijaaraa xuuxuu, akkasumas dhibeewwan kanneen akka Paarkinsaniifi Alzaayimaris keessatti argamu." Yaasmin akkuma guddataa deemtuun miirri waa suufuu ishee waan dhufuuf itti fakkaata Rakkoon kun umrii wajjinis ni dhufa. "Wanti guddinaan hin beekamne, dandeettiin foolii fuudhuu umurii wajjin dadhabaa adeema,'' jechuun dabalti. "Maanguddoo gannisaanii 75 oli tahan keessaa harka 30 kan tahan anoosmiyaa qabu jedhama.'' 'Foolii fuudhuu adeemsa keessa baradha jedhee yaadan ture' Yaazmiin rakkoo kana qabaachuu kan hubatte kutaa lammaffaatti tapha fuunfachuu wayita taphatanitti ture. Tapha kanaanis kaardii sin kennamerraa wayita qoolasaa irraa baastu foolii wahii argatta. Istikara kennameef gara funyaanitti siiksite - barattoonni kaan si'aayinaan ilaalaa turan. "Urgaa maal argatte?" barataan tokko gaafate. Yaazmiin agruu waa fuunfachuu hin dandeenye. Haatahu malee ijoolleen kaan tarii fuunfachuu barataniituu laata jechuun yaaduu eegalte. "Miira hiriyoota koofii maatii koon koo foolii booda agarsiisan akkeessuu eegale," jetti. "Yoo waan tokko foolii badaa qabaatee, namuu aaree dudubbatu, yookaan urgaa gaariis wanta qabuuf deebii kennan - an garuu waanuma isaan jedhan hordofa." Yaasmin foolii waan tokkoo baruuf hiriyaasheerratti hundoofti Baroota keessatti miirota shan keessaa afur qofatti fayyadamuu itti baraa dhufte. Fakkeenyaaf, namootni dhiyooshee jiran: diyoodoraantii fayyadamuun irra jiraate yookaan ammoo nyaati mana keessaa foolii badaa qabaachuufi dhiisuu itti himuu qabu turan. Garuu yeroo hunda milkaa'aa hin turre. "Gaaf tokko diyoodooraantii otoo hin godhatin gara waajiraa dhaqe. Waahilli koo keessaa tokko kana hubatan.'' Kanaanis amma iddoo deemtu hundatti "meeshaalee qulqullinaa'' jettu iddoo tokkotti qabattee deemti. Namoota biroo anoosmiyaa qaban birattis waan akkasii hubatteetti: "Namni tokko wayita miira foolii fuudhuu ibsu 'daawwiitii fuuldura dhaabbatanii, calaqqee ofii arguu akka dadhabuuti,''' jechuu ni yaadatti. 'Barootaaf ofii fi namoota kaan sobeera' Raakesh Kamaal Indiyaa, Haayideraabaad jiraata. Innis anoosmiyaa qaba, waahee foolii tasayyuu hin beeku. Kansaa maatirraa akka itti daddarbe amana: "Akaakayyuun koo fooliirratti ni rakatta ture, garuu waahee kanaa hin dubbatu ture." Raakesh Kamaal haala keessa jiru dhoksaa ture Raakesh manasaa keessa adda baastuu (detector) gaazii fi aaraa midhaaffateera. Wayita nyaata qopheessuus, irraa hin fagaatu. "Taateen balaa tahuuf ture nu mudatee ture. Haati warraa koo raftee turte, animmoo waan alwaadaa keessaa aaru foolii fuudhuu hin danda'u," jedha. "Erga dabree booda gaafa aarri mana keessa guutee arguu, balaa guddaa jalaa ooluu keenya hubadhe." Akkuma Yaazmiin, innis rakkoosaa namuutti hin himanne. "Yeroo jalqabaaf ganna 21tti hiriyaa koottin himadhe," jechuun yaadata. "Yeroo kana hunda nama hunda dhooksaan ture, ofiikoo dabalatee. Namni na amanu hinjiru jedhee waanin yaadeef." "Haguma guddannu waa'ee namoota arguufi dhagahuu hin dandeenye barachaa dhufne. Haa tahu malee, waa'ee namoota foolii fuuchuu hun dandeenyee namni haasawu hinjiru. Jecha 'anosmia' jedhu ijoollee keenyatti barsiisuun eegaluu dandeenya," jedha. 'Xiyyeeffannoo kennamaafii jiru abdii namatti hora' Yaazmin bara 2016tti waa'ee rakkoo qabdu kana, muuxannooshee marsariitiirra mata-duree 'The Girl Who Can't Smell' jedhuun maxxansuu eegalte. "Yeroo mara dogongora foolii waliin walqabatu wayitan hojjedhu, onnee kootu caba. Tahus ilaalcha koo jijjiiruun, hubannoo uumuuf kahe. Tarii nama rakkoo akkasii keessa jiru tokko tahu gargaaruu dandaya." Mudannoo qaanfachiisan qoosaan dabaaluun ibsuu eegalte. Kana malees, fakkiiwwan anismeeshin gargaaramuus gorsa barbaachisan kennuu eegalte. "Sababa weerara kanaan xiyyeeffannoon rakkinichaaf kennamaa jiru abdii namatti hora," jetti. "Hawaasni waa;ee dhimmichaa hubannoo argachuunsaa gammachuu guddaadha." Kana malees qorattoota ogummaa kana keessa jiraniifis abdii waan horudha. "Fedhiin waa'ee anoosmiyaa amma uumame kun, piroojektoota qorannoof bajata argamsiisa jedheen abdadha," jetti Saaraah Ooklii.
oduu-49246564
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49246564
Obbo Shimallis Abdiisaa: 'Moyyaleerraa hanga Cinaaqsan karaan hunduu saaqameera'
Pirezidantii Itti-aanaa Oromiyaa kan ta'an Obbo Shimallis Abdiisaa dhimma walitti dhufeenya Oromoofi Somaalee, rakkoo daangaafi wantoota kaan irratti BBC waliin turtii taasisanin rakkoo waggoota muraasa dura dhalateen naannoleen lamaanuu miidhamuu himan.
Guyyaa kaleessaa hoggantoonniifi qaamoleen hawaasaa naannolee lamaanii magaalaa Jigjigaatti sagantaa qophaa'e irratti hirmaataniiru. Waltajjiin akkanaa kana dura magaalaa Adaamaatti taasifamee ture. BBC: Dhimmi Moyyalee kan yeroo darban keessa rakkoon nageenyaa irra deddeebiyee uumamu maalirra jira? Obbo Shimallis: Mootummaan naannolee lamaanii dhimma Moyyaleerratti waliin hojjechaa jirra. Erga jijjiiramni kun dhufee, keessattiyyu naannoo Somaaleetti erga rifoormiin gaggeeffamee naannoo Moyyaleetti jijjiirama guddaatu jira. Naannoo sana misoomsuu, dubbii daangaa waliin walqabatee jiru tokko achi waan ta'eef hanga xumurutti waliin misoomsuu, akka namni nagaadhaan ba'ee jiraatu gochuudha. Dhimmoota kaan ammoo sadarkaa mootummaalee lamaaniitti dhimmoota marii barbaadan qorannoorratti hundoofnee dhimmoonni marii jajjaboo barbaadan waan jiraniif isa gochaa jirra. Isa dhawaata dhawaataan irratti hojjechuudha. Irra caalaa garuu nageenya naannoo sanaa karaa amansiisaa ta'een mirkaneessineeti kan jirru. Sochiin dinagdees haala gaariidhaan ciccimee jira. BBC: Rakkoo bulchiinsaatiin walqabatee, warri fedhii siyaasaa guutachuu barbadan ummata nagaa jiraaturraan miidhaa geessisuu danda'u. Gama bulchiinsaatiin, kan duriirra amma kan foyyeessitan maaltu jira? Obbo Shimallis: Bulchiinsa nuti amma kennaa jirru, keessattu akka naannoo kenyaatti bulchiinsa Oromootaa ykn garee tokkoo yookaan ammoo gosaafi mandara tokkoo irratti xiyyeeffatu osoo hin taane, Oromoota hammatee dudhaafi kallattii Oromummaatiin fedhii warra kaaniis karaa giddu-galeessa godhatuun akka hojjetu gochuudha. Isa kanarratti, godina Booranaatti caasaa jiru, kan maagaalaafi baadiyaa cimsuudhaaf hojii bal'aan hojjetamee jira. Kana irrattis foyya'insa guddaatus jira. Gosoonni lamaan, keessatti Garriifi gama keenyaan ammoo Booranni waliin ta'anii mariyatanii karaa caalaatti caasaa mootummaa deggeruun, mootummaan ammoo akka misooma fiduun caasaa jiru sana akka deggeru gochuu irratti hojjechaa kan jirru. BBC: Sochiin daldalaa ummatttoota lamaan jiru bakka duraan turetti deebiyeeraa? Obbo Shimallis: Daldala ilaalchisee naannoleen lamaanuu miidhamaniiru. Naannoon Somaalees miidhamee jira, naannoo Oromiyaas miidhamee jira. Naannoon Somaalee naannoo Oromiyaarraa oomisha hedduu barbaada. Daldala hedduutu Somaaleerraa ammoo gara Oromiyaa dhufa. Alaas, daldala hedduutu karaa Somaalee gara Oromiyaa seena. Kanaaf, daldalli kun gaaga'amu isaatiin miidhaan dinagdee naannoleefi ummata lachuurra ga'ee jira. Osoo konferaansii Adaamaatti hin gaggeessiin dura akka naannoo keenyaatti sirriitt gadi teenyee ilaalleeti jechuudha. Isa kana yeroo ammaa Moyyaleerraa hanga Cinaaqsan jirutti karaan hunduu akka saaqamu taasifamee jira. Oromiyaarraa gara Somaaleetti daldalli cimaan godhamaa jira. Ummanni ammoo faayidaa isaa waan argee jiruuf, miidhaa ture kanaan ammoo caalmaatti kan miidhame ummata Oromoodha. Ummanni Somaalees akkasuma. Ummanni lamaanuu miidhaa kana sirriitti hubatanii jiru, rakkoo waggaa sadan darbaniin jechuudha. Kanaaf, nannoo Somaalee keessatti rifoormiin erga gaggeeffamee booda, waanta saaqame kanarraa lachuu akka fayyadaman carraa baneefii jira. Amma haala gaariidhaan irraa fayyadamaa jiru. Isa kana cimsuudhaaf karaa daldalaa bal'isuudhaaf hojjechaa jirra. Moyyalee qofaan osoo hin taane, karaa Gindhiiriin qorannoon daandiin akka xumuramu taasifnee jirra. Daandiin aspaaltiin karaa Somaaliyaa isa guddaatti ce'u akka uumamu, karaa Nagalleetiin haaluma sanaan akka jiraatu, ulaan lama, sadii, afur akka jiraatu taasisuudhaaf karaa naannoo keenyaatiinis karaa naannoo Somaaleetiinis hojjetamaa jira. Ummanni ammoo yeroo iraa fayyadamaa deemu nagaa kanas ni eega. Rakkooleen jiran kunneenis akka hin uumamnes caalmaatti ni tiksa jenneetu eegna. Isa kana irratti ummata hirmaachisnee, dubbiin dhimma siyaasaatii ol akka ta'e, dubbiin dhimma taphattoota siyaasaatiin ol akka ta'e, dubbiin dubbii ummataa akka ta'e barree hawwaasatti gadi buusaa jirra. Isa kana cimsinee itti fufna. Mariin sadarkaa naannoo lamaaniitti goone kun sadarkaa godinaatti, sadarkaa aanaatti, sadarkaa gandaatti hawaasni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, ugaazonni jiran, sulxaanonni jiran akka waliin mariyatan gochuudhaaf ji'oota sadan darbe irratti hojjechaa jirra. Yeroo ammoo dogoggorri bakka tokkotti argame haraarama tokko malee tarkaanfii fudhannee sirreessuu, ummati ammoo sana keessatti ga'eesaa akka taphatu gochuurratti xiyyeeffannee hojjenna ta'e caalmaatti lafa qabachaa deema jennee amanna. Moyyalee hanga Cinaaqsanitti ulaan saaqameera jedhu Obbo Shimallis Abdiisaa. BBC: Rakkoo Naannoo Somaaleefi Oromiyaa irratti furmaata waaraa kaa'uudhaaf dhimmi daangaa furamuu qaba jedhu namoonni. Rifarandamiin gaggeeffamee ture. Bulchitoonni naannoolee lameeni yeroo mari'attan dhimma kana ni kaaftuu? Furmaata waaraa kan fidu rifarandamii ykn daangaa miti. Duras rakkoo guddaa kan uume dhimma daangaa miti. Rakkoon daangaa kan jiru bakkeewwan xiqqaa irratti. Daangaan qabnu 1,600km dheerata. Daangaa hammana dheeratu keessaa iddoon rakkoon itti hin hiikamne yoo jiraate iddoowwan sadan afran tokkodha. Iddoo baay'ee xiqqaadha jechaadha. Iddoo baay'een hin beekama. Ummannis waliigale xumuree jira. Kan rakkoo guddaa fide keessattuu daldaltonni siyaasaa dhimma kana giddugaleessa godhatani keessattii qabsoon gaafa Finfinneetti cimaa deemu jijjiirama kana fiduudhaaf gaafa yaaliin godhamu ajandaa Finfinneerra jiru Finfinnee irraa gadi - baasuuf jedhame itti yaadame waan raawwatedha. Malee ammas mari'annee dhimma daangaa hiikuu hin dandeenye hinjiraatu. Isaa olitti furmaata waara'aa kan fidu tokkoffaa ummattoonni lamaan kuni tokkummaan isaanii hiikoo guddaa akka qabu isaan lamaaniifis, Itoophiyaadhaafis Gaanfa Afrikaadhaafis hiikoo guddaa akka qabu hubachu. Ummatoonni kun lamaan waggaa 150 darbe gahee irraa eegamu taphachaa hin turre. Inni kun ummatoota lamaan kana miidheera, cunqurfamoota biraas miidhaa ture. Gahee isaanitti akka deebi'an gochuu Sumaales dhimma siyaasaa naannoo isaa irratti hidhamee akka hin hafne dhimma siyaasa Itoophiyaa keessatti gahee isaa taphatu Oromoonis qixa sanin akka taphatu gochuu. Naannoleen lamaanuu misoomani hin jiran. Naannoon tokko tokko Itoophiyaa keessatti Aanaan hundi daandii asfaaltii qaba. Naannoon Oromiyaafi Somaale garuu hin misoomne. Barnoonni akka gahaatti bira hin dhaqqabne. Ummanni caalmaatti akka fayyadamaa ta'u taasisuu. Dhimmoota kanadha furmaata waaraa kan fidan. BBC: Walitti dhufeenya fooyyessuu maaltu ta'uu mala? Walitti dhufeenya kana fooyyessuus keessumaa madaa kaleessa turerra dabarree kalattii haaratti bahun akka mootummaatti nurraa eegama. Isaaf mootummooleen lama waliin hojjetaa jiru. Daandiin waggota 3 darbef cufamee ture akka saaqaman godhamee jira. Namni qe'ee isaatti deebi'e qubatu taasifame jira. Ummatoonni buqqa'an gama lamaaniinuu kanneen eeyyamamaa ta'an qe'ee isaanitti akka deebi'an ta'ee jira. Kan hin deebine haala mootummaa osoo hin taane dhimma murtee dhuunfaa ta'a jechaadha. Namoota qe'eetti deebi'an irratti hordoffiin taasifamaa jira. Sanyiin filatamaa, liqii akka argatan akkasumas deeggarsa akka argatan gama kenyaatiinis gama Naannoo Somaaleenis taasifamaa jira. Qe'eedhaa buqqa'anii qe'eetti deebi'un akka dubbannu kana salphaa miti. Isa irratti ammas hojii bal'aafi xiyyeeffannoo nu gaafata. Haala gaarirra jiru yoo jenne dhugaarraa kan fagaate miti. Garuu, ammas hojii itti fufiinsa qabu barbaachisa. Naannoleen lamaanuu xiyyeeffatanii hojjetaa jiru.