id
stringlengths
8
17
url
stringlengths
40
49
title
stringlengths
21
147
summary
stringlengths
21
777
text
stringlengths
264
23.2k
oduu-53745079
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53745079
Koronaavaayiras: Weerara Covid-19 keessa saalqunnamtii of-eggannoo akkamiin raawwachuun danda'ama?
Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee booda jireenya dhala namaa gama hedduun kan duraan barametti deebiyaa hin jiru. Dubbiin kun ammoo hariiroo jaalalaafi saalqunnamtiirrattillee jijjiirama mataa isaa ni qabaata jedha dhaabbanni gargaarsaa dhimma kana irratti hojjetu tokko.
Dhaabbanni gargaarsaa fayyummaa saalaarratti hojjatu ‘Terrence Higgins Trust’ jedhamu gorsi namoota saalqunnamtii raawwataniif dhaame, yeroo weerara koronaavaayirasii kanatti wal dhungachuu dhiisuu, wayita saalqunnamtii raawwatanitti ammoo maaskii godhachuufi fuulaafi fulaatti walitti gargaraluu hambisuu qabu jedha. Kana gochuun rakkisaa ta'uu ni mala garuu wayita weerarri Covid-19n hammaate kanatti fedhii saalqunnamtiifi hariiroo jaalaa keenya bifa rakkoo fayyaa kanaaf nu hin saaxilleen mala dha’achuu feesisa jedha dhaaabni gargaarsaa kun. Yeroo weerara koronaavaayirasii kana keessa saalqunnamtii ilaalchisee michuun amanamaaofii keessaniifi jaalallee waliin jiraattan qofa jedha Tirast. Kana jechuun garuu saalqunnamtii raawwachuun ciraadhuma dhorkameera jechuu miti. Namni saalqunnamtii waliin raawwatan nama mana tokko waliin jiraattan ta'uu qabaadha. Dhaabni gargaarsa fayyaa saalaarratti gorsa kennu kun akka jedhutti, namoonni walirraa akka hiiqan wayita gorfamaa jirutti, namoonni saalqunnamti akka dhaaban eeguun hin danda’amu. Haata’u malee, nama mana tokko keessa wajjin jiraattun ala wajjin saalqunnamtii raawwatta yoo ta’e hiriyaa hin baayyisin jedhe gorsa. Ammallee walirraa fageenya keenya eeggachuun barbaachisaadha, garuu sochii sababa Covid-19f ji'ootaaf dhorkameen booda namoonni osoo saalqunnamtii hin raawwatiin yeroo hin beekamneef turuu qabu jechuun waan dhugaatti danda'amu miti jedha Tirast. Nama mana keessaniin ala ta'e waliin kan saalqunnamtii raawwatan yoo ta'e, lakkoofsa michuuwwan jaalalaa qabaattan hir'isuun barbaachisaadha jedha. Yeroo ammaa kana keessa ammoo mallattoowwan Covid-19 ofirratti ykn michuu keessanirratti argitan jiraannaan adda of baasuu hin dagatiinaa. Yoo nama haaraa waliin kan michoomtan ta'es mana isaa/ishee keessaa namni mallattoo Covid-19 qabu ykn dhibeen kun irratti argame jiraachuu isaa gaafadhaa. Vaayirasichi karaa saalqunnamtii ni daddarbaa? Koronaavaayirasiin karaa hancufaa/gororaa, furrii ykn hangasuun nama vaayirasichaan qabamee wayita dirra waanta jajjabarra qubatu namatti daddarsa. Dr Aleeks Joorji vaayirasichi tarii yeroo wal dhungatanitti hancufaan akka daddarbuu danda’u beekna jedhaniiru. Ogeessi kun waanti carraa vaayirasichi afaanirraa ykn harkarraa gara qaamaa saalaatti ykn gara funyaaniitti dabarsu kamiyyuu carraa vaayirasichaa daddabarsuu dabala jedhan. Kanaaf jecha, dhaabbanni gargaarsaa kun akka wal hin dhungaanne, wayita saalqunnamtii maaskii godhachuu, fuulaafi fuulaatti walitti carraa gargaaralu hambisuu gorsa jedhan. Itti dabaluunis, vaayirasichi dhangala’aa sanyii kormaafi bobbaa keessattillee akka argarmu kaasuun, wayita saalqunnamtii kondomiitti gargaaramuun akka gorfamu kaasan. Saalqunnamtii duraafi boodas harka sekondii 20f dhiqachuu ykn alkoolii harka qulqulleessu fayyadamuu gorsaniiru.
oduu-49638903
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49638903
Taateewwan Gurguddoo bara 2011: Araara, Koyyee Faccee, 'Push-up' MM Itoophiyaa, ET302... 2011 dudduubatti
A.L.I bara 2011 xumuramaa jiru keessa taateewwan gurguddoo uummata biyya keessaa fi hawaasa idil addunyaa biratti ijoo dubbii ta'anii turan hedduudha.
Isaan keessaa warreen jajjaboo ta'an muraasa filanneerra. Dhiyaadhaa! Loltoota, Minitira Muummee fi 'Push-Up' Onkoloolessa 10 bara 2019 loltoonni 200 ol meeshaa waraanaa hidhatanii gara masaraa mootummaa deeman dubbii ijoo lammilee Itoophiyaa bira darbee addunyaa ajab jechisiise ture. Dirqama hojiif magaalaa Finfinnee fi naannoosheetti ramadamuun hojjechaa kan turan miseensonni humna addaa raayyaa ittisa biyyaa 240 ta'an Dr. Abiy Ahimed arguu barbaadna jechuun ture tasa gara masaraa mootummaa kan imalan. Loltoonni kunneen meeshaa isaanii hidhatanii gara masaraa mootummaa akka imalaniifi meeshaa isaanii akka hiikkatanii seenan gaafatamanii wayita gaafataman hokkara uumameen naannoo masaraa mootummaatti dhukaasni dhagaahamaa ture. MM Abiy loltoota waliin 'push-up' yoo hojjetan Loltoonni kunneen boodarra meeshaa isaanii hiikkatanii akka seenan erga taasifamee booda, MM Abiy Ahimad akkasumas MM itti aanaa Obbo Dammaqe Makonnin waliin mari'ataniiru. Marii kana boodas MM Abiy Ahimad loltoota waliin 'push-up' hojjechuun loltoota kana ofirraa gaggeessan. Jalqaba loltoonni kunneen dirqama biyyaa nuuf kenname haala gaariin bahannus jireenya dhuunfaa keenyaa gaggeessuuf garuu haalli mijataan nuuf hin uumamne jedhanii komachuuf garas akka deeman gabaafamee ture. Torbee muraasa booda garuu MM Abiy, loltoonni kunneen isaan ajjeesuuf ergamanii akka dhaqan miidiyaatti himaniiru. Loltoonni kunneen himatamanii kan itti murtaa'e yoo ta'u kan hafan yaalii fonqolchaa mootummaa naannoo Amaaraa irratti raawwate keessaatti hirmaachuu mootummaan ibsee ture. Mormii Manneen waliin jireenya Koyyee faccee Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee manneen jireenyaa waliinii magaalittii bakka garaagaraatti ijaarsisaa ture keessaa kan Koyyee Faccee Sadaasa darbe abbootii carraaf dabarsee kunnuuf akka jedhu himee hokkarri guddaan ka'e. Ijaarsi manneen jireenyaa kun seeraan alaa manneen jireenyaa Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daangaa Oromiyaa keessatti lafa qonnaan bulaa irratti ijaarame jechuunis mormiin dhalate. Kanuma sabeeffachuun Sadaasa 6 bara 2019 irraa qabee hiriirri mormii Kaaba, Kibba Lixaa fi Baha Oromiyaa magaalota garaagaraa keessatti babal'ate. Hiriira mormii magaalaa Awwadaayitti taasifame Qonnaan bultootni lafa isaanii sababa misoomaa kanaan dhaban waggoota muraasaan as rakkoo jireenyaa hamaa keessa akka jiran irra deddebiin dubbataa turan. Boodarra mormiin hammaannaan mootummaan naannoo Oromiyaa hanga dhimmi daangaa fala argatuutti manneen waliinii kun akka hin raabfamne jechuun ibsa baase. Bulchiinsi magaalaa Finfinnees itti waliigalee manneen sana dabarsee kennuun akka turu hime. 'Jaal Marroo' fi yaalii WBO galchuu Bara darbe dhaabbilee siyaasaa biyyoota ambaa keessatti socho'aniif affeerraa taasifame hordofee hooggansa fi loltoota isaa Eertiraa jiran qabate kan biyyatti gale ABO'n osoo hedduu hin turiin mootummaa waliin waldhabdee keessa gale. Waraanni Bilisummaa Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiru caasaa mootummaa diigee, loltoota akka haaraatti leenjisaa jira kan jedhu ka'umsa wal-dhabdee kanaaf mootummaan dhiyeessu ture. Lixa Oromiyaa iddoo adda addaatti WBO fi humna mootummaa gidduutti walitti bu'iinsi uumamaa ture. Ya'iiwwan Finifinnee fi Ambootti gaggeefaman booda ABO fi mootummaa araarsuufi waraana ABO mooraatti galchuuf Koree Teeknikaa miseensota 71 of keessaa qabu hundaa'e. Hayyuu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaas WBO Gumii Abbootii Gadaa Oromootti dabarsanii kennuu beeksisan. Kana hordofuun Lixaa fi Kibba Oromiyaatti duulli WBO hiikkachiisuun fedhaan qaama nageenyaa akka ta'an ykn ammoo hawaasatti akka makaman gochuu eegalame. Sadaasa bara dhumaa jiru kanaa keessa waamicha Abbootii Gadaan taasifameen waraanni hanga ta'e hidhannoo hiikkatee galus guutummaatti hin milkoofne. Gama Lixa Oromiyaan ajajaa WBO akka ta'e kan himamu Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marroo adeemsa kana keessatti maqaa guddaa horate. Mariin itti fufee waliigaltee dhumaa Mootummaa waliin taasisaniin Obbo Daawud Ibsaa Oromiyaa keessa loltoota waraana hidhate socho'u akka hin qabne beeksisan. ABO fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara darbe yeroo adda addaa marii taasisanii araaramuu himanillee hanga yoonaa gara waan walitti hiikkatan hin fakkaatu. Bala daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa Balaa sukkaneessaa daandii xiyyaaraa Itoophiyaarra qaqqabeen lubbuun namoota 157 lammiilee biyyoota 32 xiyyaaricha keessa turan hundaa kan darbes baruma xumuramaa jiru kana Bitooteessa 10 ture. Daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa ET302 gosa xiyyaaraa Booyiing 737 Max 8 jedhamuun imaltoota 157 qabatee Finfinnee ka'ee gara Naayiroobii imaalaa ture. Balalii egalee daqiiqaa muraasa keessatti xiyyaarichi ajajamuu diduun naannoo Bishooftuu ganda Tulluu Farraatti kufe. Qorannoowwan madda balaa kanaarratti sadarkaa garaagaraan gaggeefameen sirni to'anna balalii gosoota xiyyaaraa Max 8 irratti hojjetaman rakkoo qabaachuun mirkanaa'eera. Ji'oota muraasa xiyyaarrii Itoophiyaa kufuun dura, xiyyaarri Indoneezhiyaa gosa xiyyaara Itoophiyaan walfakkaatus imaltoota 189 qabatee kan kufe ta'uun gosootni xiyyaaraa kun rakkoo addaa qabaachuu akeeke. Kanarraa kan ka'ees jalqaba daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa gosootni xiyyaaraa kun akka hin balaliine murteesse. Boodas xiyyaarichi guutummaatti akka hin balaliine ittifame. Booying jalqabarratti maddi rakkoo hanqina leenjii balaliistotaati jedhus, booda sirni hordoffii balalii xiyyaarrichaa ajaja fudhachuu dhabuu amaneera, dhiifamas gaafateera. Balaa kanaan namoota miidhamaniif beenyaa doolaara miiliyoona 100 akka kennu beeksisus maatiin miidhamtoota mormaaniiru. Inumaayyuu himata garaagaraa banuutti jiru. Tibbana ammoo eenyummaan namoota balaa kanaan lubbuu dhabanii adda baafamuu poolisiin federaalaa Itoophiyaa himeera. Yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraa Bara 2011 keessa taateewwan gurguddoo hin dagatamne keessaa yaalii fonqolchaa mootummaa Naannoo Amaaraa irratti Bitootessa 22 yaalame isa tokko. Bitootessa 22 gara galgalaa Magaala Baahirdaaritti sagaleen dhukaasa hammaate. Boodas aangawoota naannichaarratti dhukaasa baname ta'uun mirkanaa'e. Halkanuma sanas Ministirri Muummee Abiy Ahimad yaaliin mootummaa fonqolchuu fashalaa'uu fi miidhaan qaqqabuu himan. Bulees Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Dr. Ambacheew Mekonniiniifi gorsaan isaanii obbo Izaz Waasee ajeefamuun dhagaahame. Haleellaadhuma kanaa wajjiin akka walqabatu mootummaan beeksiseen ammoo guyyaadhuma sana garaa garummaa sa'aa muraasaan Itaamaajooriin waraana Itoophiyaa Janaraal Se'aare Mekonniin waahila isaanii sooromarra jiran Janaraal Geza'ii Abarraa waliin ajjeefaman. Ajjeechaan kunis eegduu Janaraal Se'aareen akka raawwatame ibsame. Fonqolcha mootummaa kana hoogganaan Biiroo nageenyaa naannichaa B/G Asaamminew Tsiggee qindeessuun milquun isaaniis himame. Bitootessa 24 ammoo B/G Asaamminew Tsiggee qarqara magaala Bahirdaar bakka Zanzaliimaa jedhamtutti bajaajiin osoo milquuf jedhanii rasaasa humnoota nageenyaan ajjeefamuu ibsa waajirri Ministira Muummee kenneen beekameera. Ajjeechaan kuun yalii fonqolcha mootummati, lakkii fonqolcha mootummaa miti falmii jedhu kaasisus guutuu biyyattiitti gaddaa fi rifaatuu guddaa uumeera. OSA Finfinneetti Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) kan ganna 33 dura Ameerikaa Kaabaatti hundaa'e kora isaa yeroo jalqabaaf Itoophiyaa Finfinneetti kan gaggeesses A.L.I bara 2011'tti. Bara 1986 'Oromo Studies Group' maqaa jedhuun kan eegale OSA'n bara 1990 ture moggaasa isaa gara 'Oromo Studies Association' kan jijjiirate. Kora Finfineetti Adoolessa 26-28 gaggeefame irratti Pireezidantiin jalqabaa Waldaa kanaa Dr Ismaa'el Abdullaahii irraa eegalee beektootni OSA hoogganan hedduun argamaniiru. Pireezidantiin dubartii OSA jalqabaa Aadde Kuulanii Jaalataa "Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA)n waggoota 33 booda akka biyyatti galuuf kan haarsaa kanfalan Qeerroofi qarreen Oromoo galata qabu" jetteetti. Kora kanarratti waraqaaleen qorannoo hedduun dhiyaatanii, dhimmoota adda addaa irratti mariin taasifameera. Pireezidantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa baga nagaan biyyatti dhuftan jedhu dabarsaniiru. Kantiibaa Itti aanaan magaala Finfinnee Ijinar Taakkalaa Uumaa ammoo Waldaan Qorannoo Oromoo (OSA) giddu-gala isaa Finfinneetti akka banatuuf waamicha dhiyeesaniiru. Xumura irratti Aadde Kuulanii Jaalataa pireezidantummaa OSA Dr Beenyaa Dhugaasaaf dabarsanii kennan. Gaaffii Sidaamaa Uummatni Sidaamaa gaaffi ofiin of bulchuu wajjiin walqabatan waggoota dheeraaf dhiiyessaa ture. MM Abiy Ahimad gara aangootti ega dhufanii booda ammoo gaaffiin kun daran cimeera. Bu'uuruma gaaffii uummatni Sidaamaa jabessee gaafachuu eegale kanarraa kan ka'es bara 2011 keessa magaala Hawaasaa fi naannoo isheetti hokkora dhalateen lubbuun namoota hedduu darbeera. Sababa kanaanis aangawoonni naannichaa fi godinaaleerratti tarkaanfiin fudhatameera. Gaaffiin Naannoo ofii ijaarrachuuf uummatni kun gaafates baruma kana mana maree naannoo Uummatoota Kibbaan fudhatama argatee. Sadaasa 12/2011 A L I Boordii Filannoofis dhiyaateera. Boordiin Filannoos qophaa'ummaa mana maree naannichaarratti hundaa'uun riifarandamiin murteen naannoo ta'uu akka murtaa'u Sadaasa bara 2012 beellama qabatee qophaa'aa jira. Uummattoonni kaan naannoo Kibbaa keessa jiraatanillee gaaffii naannoo ofii hundeeffachuu gaafataa jiru. Dhaabbii biqiltuu mil. 350 ol Bara darbe wantoota MM Abiy Ahimad irra deddeebiin yoo dubbatan dhagaahamaniifi yoo raawwatanis mul'atan keessaa tokko biqiltuu dhaabuu ture. Duula akka biyyaatti Adoolessa 22 bara 2011 mata duree 'Ashaaraa Magariisa' jedhuun taasifameenis biqiltuun miliyoona 350 ol dhabamaniiru jedhe mootummaan Itoophiyaa. Karoorri jalqabaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 200 dhaabuuf ture. Duulli biqiltuu dhaabuun kuni guutuu biyyattii buufatawwan 1,000 keessatti raawwata jedhame. Dhimmoota ijoo armaan olitti kaafamaniin alatti buqqa'uun uummataa fi walitti bu'iinsi sabummaa bu'uura godhatee naannolee biyyattii adda addaa keessatti raawwatamaa ture ijoo dubbii qalbii miidiyaalee idil-addunyaa hawwate ture.
oduu-44382544
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44382544
Masirii bishaan qusachuuf jecha ruuzii alaa galchuufi
Masiriin midhaan ofii ishee omishtee alatti ergaa turte waggoota dheeraa booda biyyoota biraa irraa bittee gara biyyaatti galchuuf murteeessite.
Kunis bishaan qusachuuf akka ta'e beekameera. Mootummaan biyyattii yeroo dhihoo as omisha gosa midhaanii bishaan hedduu barbaadan xiqqeessuuf akkasumas omisha ruuzii seeraan alaa irratti addabbii hammeessuuf murteessee jira. Ijaarsa hidha haaromsa Itoophiyaan ijaaraa jirtuun hammi bishaani biyyattiin argattu xiqqaachu mala jedhe yaadda'eera mootummaan Masirii. Ministirri Muummee Shariif Ismaa'el mootummaan hanqina bishaanii mudachuu malu hir'isuuf omisha ruuzii xiqqeessuu, hanqinni ruuzii akka hin mudanneef ammoo biyyaa alaatii bitanii dhiheessuf akka jiran dubbataniiru. Masiriin duraan biyyoota ruuzii omishanii biyya alaatti erguun beekaman keessaa ishee tokko.
oduu-55699382
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55699382
Midiyaa hawaasaa፡ Fayyadamtoonni WhatsApp maaliif gara Telegram geeddarataa jiru?
Ergaadhaaf nageenyi isaa amansiisaadha kan jedhame Appiin WhatsApp haala fayyadama isaarratti jijjirama qajeelfamaa waan taasiseef fayyadamtoonni hedduun gara appiiwwan gara biraa barbaadaa jiru.
WhatsApp addunyaarratti fayyadamtoota miliyoona lamaa akka qabu kan himamu yoo ta'u, ergaawwan fayyadamtoonni ittiin waliif qoodan kan iccitummaansaa eegameedha waan jedhamuus fayyadamtoota hedduu horachu danda'ee ture. Haata'u malee dhiheenya kana WhatsApp ragaa dhunfaa fayyadamtootaa feesbuukii dhaabbata isa bulchuuf akka qoodu eeruun qajeelfama fayyadama appii irratti fooyya'insaa taasisuu beeksiise. Kanaafu fayyadamtoonni kanaan waliigalan akka itti fufan kan waliin hin galleef ammoo hanga jalqaba Guraandhalaatti yeroo kaa'ee ture. Murtee kanaanis hedduun mormiifi qeequumsa dhiyeessan illeen, WhatsApp garuu murticha akka hin geeddare himuun garuu yeroo kaa'amee gara wallakkeessa baatii Caamsaatti dheeressu ibse. Kanaafuu fayyadamtoonni waa'ee qoodamu ergaa fi ragaa dhunfaa isaanii yaaddeesse, appiiwwan gara biraa barbaacha akka eegalan himama. Keessatti appiiwwan ergaa kan akka Signal fi Telegram fayyadamtoonni haalaa dabalaa jiraachutu himama. Ofii odeeffannoon dhuunfaa feesbuuk waliin qoodamuun maaliif nu yaaddeessaa? Attamiin nageenya odeeffannoo keenyaa eeggachuu dandeenya? Oggeetti damee kanaa kan taate Birhaane Taayyee BBCn dubbiseera. Maaltu taasifamu danda'ama? Birhaanee Taayyee dhaabbata mit-motummaa 'Access Now' jedhamu keessatti to'attuu imaammata Afriikaa ta'un hojjatti. Dhaabbatichis namoonni akkuma intarneetiin alaatti wayita intarneetii fayyadaman mirga qaban (Dijgital righs) akka kabajamuuf hojjata. Gama barnootaatiinis Birhaaneen gosa barnootaa Saayinsii Siyaasaafi Mirga Namoomaa baratte. BBC፡ Waltajjiiwwan midiyaa hawaasaa mummeedha jedhaman kam fa'i? Birhaan፡ Midiyaalee hawaasaa addunyaarratti gurguddaadha jedhaman kan akka Feesbuukii, WhatsApp, Instagram fa'i yoo ta'an, sadan dhaabbata feesbuuk jalatti bulfamu. Kana malees YouTube fi Twitarris jiru. Gama Chaayinaa yoo deemame ammoo appii mataasaanii Wechat fi Tiktok jedhaman qabu. Itoophiyaa keessatti anmoonni baayyeen kan fayyadaman Feesbuukiidha. Feesbuukiin Itoophiyaa keessatti fayydamtoota miliyoona 6-8 ta'u akka qabu tilmaamama. Fayyadamtoonni Tiwiitarii garuu kuma 200 hin caalan. Erga qoondaaltoonni motummaa Itoophiyaa haaraan amma tiwiitar fayyadamuu eegalaniin booda namoonni gara sana deemaa jiru. Biyyoota Afriikaa hedduu keessatti namoonni irra caalaa WhatsApp yoo fayyadaman, Itoophiyaatti Telegram caalaa fayyadamamu. Ta'us fayyadamni WhasApp guddataa jira. Kan biraa appiin ergaan ittiin qoodamuufi 'Signal' jedhamu jira. App kan adda taasisuus, kan bulfamu dhaabbata tola ooltumaa bu'aaf hin hojjannee ta'usaati. BBC: Itoophiyaa keessatti sababii maaliitiif namoonni hedduun Telegram fayyadaman? Birhaan፡ Sababiinsaa kana jechuun nama rakkisa. gabaansaa qoratamu qabaata. Akkan yaaduutti garuu Itoophiyaa keessa gareewwan hedduutu jira. Gareewwan kunneenis eenyufuu banaadha. Kanaafuu namoonni baayyeen kan fayyadaman waan appiin Telegram fayydamuuf salphaafi kan nama gammachisu ta'eef jedheen yaada. Fakkeenyaaf hanga dhiyootti WhatsApp keessa akka garee tokkootti hammatamu kan danda'u namoota 250 qofaadha. Telegram keessatti garuu hangi namoota kuma 100 hammatamu ni danda'u. Sababii kanaan waan filatameen se'a. BBC፡ Addunyaarratti fayyadamtoota WhasApp haaraan mil. 2.2 ta'an gara appiiwwan biraatti geeddarachun isaanii himameera. Maaltu umamee? Birhaan: Amajjii 6 irratti WhatsApp ragaa dhunfaa fayyadamtootaa attamiin akka fayyadamu irratti qajeelfama haaraa baaseera. WhatsApp, Feesbook fi Instagram dhaabbata Feesbuuk jalatti bulu. Haala imammaata kanaatti ragaa fayyadamtoota WhatsApp, Instagram fi Feesbuukiif nan qooda jedhe. Ragaan dhunfaa qoodamuuf jedhu kunis karaa 'Google Chrome', ykn 'Internet explorer'tti fayyadamuun, afaan ittiin gargaaramne, sa'aatii biyya jirru, teessoo interneetii (IP address), neetworkii mobilii ittiin fayyadamnu, tajaajila intarneetii eesaa akka argannee fi ragaalee kkf dha. Fakkeenyaaf akkawwuntii feesbuukii saaqinee wayita fayyadmnu, dhaabbata tajaajila interneetii kennuu (IP address) ni kenna. Kanaafu interneetii kanaan WhatsApp kan fayyadamnu yoo ta'e, feesbuukiifi WhatsApp ragaa waan waliif qoodaniif nuyi ta'u ni beeku jechuudha. Ragaan fayyadamaa feesbuukii irra jiru, WhasApp ni beeka jechuudha. Egaan kanaaf namoonni dhiisanii kan bahaa jiran. Dhaabbatichi Guraandhala jalqabaa kaasee ragaa keessan ni qoodna, warri kana hin barbaadne app keenya dhiisaa bahaa jedheera. BBC፡ Kun maaliif yaaddoo uumaa? Ragaaleen keenya yoo qodaman maaliif nu yaaddeessa? Birhaan: Addunyaarratti namoonni parsanataa 53 intarneetii fayyadamu. Bayyeen keenya barnootaafis ta'e hojiif yeroo keenya kan dabarsinu intarneetii irratti. Jireenyi keenya gara dijitaalaatti geedaramaa jira. Kanaafuu dhaabbanni dhunfaa bu'aaf hojjatu tokko ragaa dhunfaa namootaa kana hunda beeka jechuudha. Wayita odeeffannoo dhuunfaa kana namoota hunda waliin hin qoodnee yoo erginu, sana walitti qabuun beeksiisa sana waliin walitti dhufu nutti erga. Beeksiisa yaada keenya geedarsiisu nutti erga. Harka lafa jalaatiin odeeffannoon kun walitti qabamuun ni gurgurama jechuudha. Feesbuukiin maallaqa kan ittiin argatu ykn bilisaan tajaajila nuuf keenneera kan jennuu omishi isa nuyi waan taaneefiidha. Fakkeenyaaf, kophee bitachuuf akka barbaadnu hiriyyoota keenyatti himneera yoo ta'e, ragaa dhuunfaa keenya kana qabachuun beeksiisa kopheefi ragaalee kanaan wal qabatan erga. BBC: Appiiwwan kanneen wayita fayyadmanu kanfaltiin raawwannu hinjiru. Maaliif bilisaan tajaajila nuuf kennu? Birhaan: Gara laaftoota ta'anii osoo hin taane, waan nuti gara laafeeyyii taaneefiidha. Feesbuukiin baasii doolaara biiliyoonaa taasisuun Afrikaanoonni intarneetiin akka waliitti hidhamnu hojjataa jira. Kaan biraas akkasuma. Egaan kana hunda kan raawwatan waan nuuf yaadaniif osoo hin taane, ragaan nurraa argatan kan gurguramu waan ta'eefiidha. Kanaafuu waan bilisaan tajaajila nuuf kennan fakkaata malee kan gurguramu ragaadhuma keenya. Feesbuukiin kan hojjatu beeksiisa gurguruun. Dhaabbilee addunyaa omishaasaanii karaa Feesbuukiin beeksiifatu. Kanaafu Feesbuukiin galiin argatu kan nuti dawwannuufiin irraayi. Beeksiisa feesbuukii kan biroo irraa adda kan taasisu beeksiifnooti kan mana dhuunfaaf kiyyeeffachuun hojjataman ta'usaaniti. Fakeenyaaf yeroo tokko waa'ee konkolaata bitu hirriyoota keenya waliin dubbannee ta'u mala. Kanafuu ragaa kana qabachuun, beeskiifni fuula dhuunfaa keenya irratti agaru waa'ee konkolaataa ta'a. Akka beeksiisa gara biraa kan namoota hundaaf hojjatamu miti. BBC: Appii kanneeniin alatti yoo ragaa interneetii irra barbaadnu, ragaaleen kan barbaadnu waliin walitti dhufan kan biraa ni dhufu. Kun maaliif ta'a? Birhaan: Marsariitii ragaa barbaacha seenne sanarra 'cookies' kan jedhaman jiru. Akkuma waan kophee ukkee qabuun wayita mana seenneetti mallattoonni miila keenya lafarratti hafu sana, marsariittii waa barbaacha seenee baane waa'een keenya ni hafa. Isaan boodas yoo appiiwwan gara biraa saaqnu kan duraan gaafannee sana barbaadu. Waan kana dura bannee barbaadne marsariitiiwwan walitti himu. Kanaafu kan dhufu kan nuti marsariitiiwwan adda addaa keessatti barbaannee dabareedha. BBC፡ Mormitoonni mirga namoomaa, gaazexesitootaa fi namoonni motummaan hordoffii irratti taasisu kan biraa dhimmi kun ni yaachisa. Malawwan ittiin odeeffannoo dabarsaniis ni filatu. Gatii salphaa itti kennuun akka odeeffannoo hawaasaatti akka hin qoodneef appii kam fayyadamu qabnaa? Of eeggannoon taasisuu qabnu kan biraa hoo jiraa? Birhaan: Balaan falmitoota mirgoota namoomaa, mormiitootaafi gaazexessitoota bira jiru kan hawaasa kaanitiin adda. Isaan furmaata addaa barbaadu qabu. Haata'u malee hundi keenyaa akka lammiitti yaaduu kan qabnu, hedduun keenya kompitarootaafi bilbila keenya irra ta'u keenya. Kanaafuu ragaan dhiifnu baayyee yaaddeessaadha. Motummaan yoo barbaadee olmaa nama tokko baru danda'a. Appiiwwan odeeffannoo nuti yaadachu hin dandeenye fa'i qabatanii taa'u. Yeroo ammamiif qabatanii akka turan illeen hin beekamu. Kanafuu ragaa qoodnu irratti of eegannoo taasisuu barbaachisa. Kana malees, bilbila ammayya kamuu malawwan ittiin nageenyyii eegamu qabu. Fakkeenyaaf wayita appii tokko bilbila harkaa keenyarratti feenuu, akka teessoo keenya qoodnu nu gaafata. Kanaafu yoo buufnuu dirqama yoo ta'e qofaan kana godha kan jedhu filachu qabna. Kan biraa ammoo Appiin 'Signal' waan odeeffannoo dhunfaa eeguuf isatti fayyadamuun filmaata biraati. Appiin kan bulfamu dhaabbata tol-oltummaa bu'aadhaaf hin hojjanneen waan ta'eef odeeffannoo keenyaa hin barbaadu. Kana malees 'password' imeeliifi appiiwwan biraa kan walfakkatu taasisuun hin gorfamu.
oduu-52795444
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52795444
Aartii Oromoo: Namni aartii gameessi Yonis Abdullaahii eenyu?
Sirboota kanneen akka 'Yaa Rabbi na gammachiisi, Oromiyaa bilisoomsi' fi 'Bilisummaan Aannani' jedhaman wallisuuniifi Raadiyoo Moqadiishoorraa yeroo dheeraaf dabarsuun ka beekaman artistiin Oromoo gameessi Yonis Abdullaahii, ''Oromoof waan hedduu gumaachee amma dagatameera,'' jedhu.
Yonis Abdullaahii Moqadishootti (bitaadhaa gara mirgaatti 2ffaarra) Artisti Yonis amma umuriinsaanii gara waggaa dhuma torbaatamaa keessa jira Finfinnee naannawa Boolee Mikaa'el keessa ijoollee isaanii waliin mana xiqqoo keessa jiraatu. Seenaa artistii gameessa kanaa baruufi maal keessa akka jiran hubachuuf BBCn iyyaafateera. Guyyaan guyyaadhaa inninuu, Ni agarra mee wajjinuu. Kee bareedni qaaliinuu Na boochise kee amallinuu. Obsi mee itti dhiisi, Guyyaan fida bariisiisi. Magaalaa Dirree Dhawaa, naannoo Qabrijoollee jedhamutti dhalatanii guddatan. Haati isaanii ijoollummaatti umurii jahaatti jalaa waan du'aniif, of jiraachisuuf jecha hojiiwwan haalawaa, baaqlaawaa fi daabboo gurguruun tattaafachaa turan. Ijoolluummaarraa qabee muuziqaawwan biyyoota Sudaaniifi Hindiif jaalala akka qaban ka dubbatan artistiin kun, ijoollummaatti baandii Afran Qallootti dabalamuu himu. Umriinsaanii ganna 16 yogguu gahu, sirba Sudaan Afaan Arabaatiin wallifamee ture, artistii gameessi biraa kan amma lubbuun hin jirre, Abubakar Muusaa waliin tahuun gara Afaan Oromootti hiikan. Guyyaan guyyaadhaa inninuu, Ni agarra mee wajjinuu. Akkamiin biyyaa bahan? 1960'oonni seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti kan iddoo olaanaa qabudha. Barattoonni Yunivarsiitii keessa jiran lafti qonnaan bulaaf akka deebiyu mormii sirna fiwudaalaaf qaban kan itti dhageessisaa turanidha. Gama kaaniin uummanni Oromoos waldaalee kanneen akka Maccaafi Tulaamatti jiran keessa of ijaaraa wayita turedha. Hayyoonni kan akka Sheekh Bakrii Saphaloofaas gama barreeffama dagaagsuun, dagaagina Afaan Oromoof gumaacha taasisaa wayita turanidha. Wayita kana dargaggeessa ka turan artis Yonis Abdullaahis, sirboota Afaan Oromoo dargaggoota kaan waliin walijaaruun wellisuu eegalan. Sirbisaanii jalqabaa kan Afaan Arabaarraa Abubakar Muusaa hiikeefi Afaan Oromootiin taphatan sun rakkoo dhalte. Mootummaan wayita sana biyya bulchaa ture, bulchiinsi mootii Hayilasillaasee, isaaniifi dargaggoota Afran Qalloo hidhuuf akka ture oduun dhaqqabnaan ''Maanguddoon teenya dhoksitee biyyarraa nu baafte,'' jedhu. Walaloon sirba kana keessa jiru, keessattuu ''Obsi mee itti dhiisi, guyyaan fida bariisisi'' jedhu sirba siyaasaatti jijjiirame jedhu. Sirba kana jaalalaaf jedhanii akka weellisaa turan ka dubbatan aartistiin kun, bara sana ''Afaan qottuu malee, Afaan Oromoo jechuunillee hin heeyyamamu ture,'' jedhu. Miseensota baandii Afran Qalloo hundeessan keessaa tokko kan turan, namni aartii kun, boodarra miseensonni baandii Afran Qalloo baayyatanii jennaan iddoo lamatti addaan qoodamne jedhu - Biiftuu Ganamaafi Urjii Bakkalchaa. Haala kanaan umuriinsaanii ganna 16 wayita turetti gara Jabuutiitti baabura keessa dhokatanii baqatan. Isaan waliin warreen baqatan keessaa miseensonni baandii Afran Qalloo lubbuun hin jirreefi kan jiran keessatti argamuu ni yaadatu - Alii Birraa, Abdullaahii Alishoo fa'i. Erga achi gahanii takka bubbulan boodas, maanguddoonni biyya jiran biyyi tasgabbaa'eera deebi'aa akka jedhaniin kan himan Aabb Yonis, ''aboo ani hin deebiyu,'' jechuun achumaan akka hafan dubbatu. Akka isaan jedhanitti warri kaan gara biyyaa wayita deebiyanitti, ''Jimaa gurguruu Hargeessaarraa dhufe,'' jechuun isaan gara Hargeessaa cehan. Hargeessaarraas imala guyyoota 11n booda Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo galan. 'Afaan Oromoo raadiyoo cabsa' Yeroo hedduu mootummoota dabran keessa jecha ''Afaan Oromoo raadiyoo cabsa'' akka jedhamaa ture ni dhageenya. Haatahu malee, akkaataa dhufaatiisaa wanti ifa tahe hinjiru. Bara artist Yonisfaa biyyaa bahuusaaniitiin duratti wanti kun uumamuu BBCtti himaniiru. ''Dirree Dhawaa wayita turetti raadiyoo gubbaa sirboonni afaanota garagaraa ni deemu turan - Afaan Oromoo garuu hin turre,'' kan jedhan artistiin kun ''Raadiyootti isinii geessina sirboota torba fidaa jedhamne,'' jedhu. ''Dubbiin keenya heeddummaatee jennaan, namni mootummaa yeroo sana tureef dalagu Koloneel Furree jedhamu sirboota fidaa nuun jedhee, nutis marree (waraabnee) geessine. Torban tokko booda deebiyee dhufee 'waan ajaa'ibaan sinii hima' nuun jedhe. 'Afaan qottuun kun jabaadha' nuun jedhe. Sirba Afaan Amaaraa yogguu irra kaa'an ni taphata. Afaan Somaalees ni taphata. Afaan qottuu (Oromoo) yogguu irra kaa'an [sagalee addaa dhageessisa]. Kanaaf Afaan kun raadiyoo hin seenu, ni cabsa nuun jedhe. Kanaaf kana dhiisaatii ganduma gandatti taphadhaa nuu jedhe,'' jechuun dhufaatii hima kanaa ibsan. Moqadiishoofi Raadiyoo Moqadiishoo Sagantaan Afaan Oromoo Raadiyoonii Moqadiishoo hayyuu amantaa Islaamaa kan ta'an Sheek Mohaammad Rashaad Abdulleen hundeeffamuun himama. Sheek Mohaammad Rashaad wayita waajjira mootummaa Somaaliyaa keessa hojjechuuf carraa argatanitti dhimma Afaan Oromoo fi qubee irratti qiyyaafatan. ALA 1965ttis sagantaan raadiyoo Afaan Oromoo Moqadishoo irraa darbuu kan jalqabe tattaaffii isaan godhaniin ta'uutu dubbatama. Afaan Oromoon dabalataan Afaanota Swaahilii fi Amaaraanillee kan darbaa ture yogguu tahu, Ayyub Abubakar ka Afaan Oromoo, Geetaachoo Gaarradoo ammoo Afaan Amaaraan dabarsu turan. Yonis Abdullaahis dargaggummaan yeroo jalqabaaf gara Somaaliyaa wayita dhaqanitti, namni beekanis tahe, iddoo itti qubatan akka hinqabne nutti himan. ''Fedhiidhuma Afaan Oromoon sirbuutu achi na geesse,'' jedhu. Achi wayita gahanitti ijoollee Dirree Dhawaatti dur beekan, kan hojii daldalaa hojjechaa turan argatanii isaaan bira jiraachuu eegalan. Yonis achi gahuusaatiniin dursee Ayyub Abubakar Raadiyoo Moqadishoorratti Afaan Oromoon oduu akka dabarsu daqiiqaan 15 kennameefii ture. Sagantaa kanaanis oduun biyya keessaa mootummaa Hayilasillaasee irratti xiyyeeffate darba ture. Yonisis akkuma achi gaheen ijoollee biyatti beeku sanaan, gaazexeessaa gameessicha Ayyub Abubakar biratti na geessaa jedheen. Achis Ayyub bira dhaqanii sirbuuf fedhii akka qaban itti himan. Ayyubis ''ati ijoolleedha ni dandeeysaa?'' jedhee gaafannaan Yonisis eeyyeen dandeettiisaa akka qabu itti hime. Akkasiin Ayyub Abubakar carraa raadiyoo irratti sirbuu kennaniif. ''Wayita sana akka ammaa miti, waraabanii dabarsuun hinturre. Kallattiidhumaan istuudiyoo seentee yeroodhuma sanatti dabarsita. Ganamas tahe galgala koottu sin jennaan, uffatteetuma maayikiroofoona bira dhaabbatta.'' Bara Itoophiyaa keessa 'Afaan Oromoon raadiyoo cabsa' jedhamu sanatti, ''Obsi mee itti dhiisi sirba jettuun fuudhee gale guyyaa jalqabaaf,'' jedhu. Erga Yonis Raadiyoo kana gubbaa hojii eegalee booda, sagantaan daqiiqaa 15 ture gara 30tti ol guddate. Kanaanis oduun alatti yeroo jalqabaaf sirbi lama itti ida'amte. Bara sana keessa miindaan isaanii shilingii Somaalii 490 akka tures ni yaadatu. Du'a Ayyub Abubakar booda Sirboota kanneen armaan gadii jiran kanafaa taphachaa raadiyoo Moqadiishooo irratti Ayyub waliin dabarsan. Bilisummaan aannanii, nama beekutu dhuga Kan bilisummaa hin beeyne, bira taa'ee muga. Boodarra mootummaan Hayilasillaasee ALA 1968 qondaaltota nageenyaa gara Somaaliyaatti erguun Ayyub ajjeesan jedhu. Erga Ayyub du'e booda, Abubakar Muusaatu iddoosaa bakka bu'e jedhu. Du'asaatiin booda mootummaan Somaalii nageenyasaanii eeguuf jecha mana jireenyaa akka kennaniifi namoota nageenya isaanii eegan afur ramadaniifi akka turan yaadatu. Turtiisaanii waggoota 25 olii keessatti torbanitti yoo xiqqaate walleewwan haaraa sadi sadi maraa yookaan waraabaa akka turan dubbatu artist Yonis. Baay'ina walleewwan isaaniis yogguu ibsan ''Yoon argee dhagaye malee sirbootakoo hin beeku,'' jedhu. Achuma Somaaliyaatti maatii godhachuun ijoollee kan horatan artist Yonis, boodarra ALA 1993tti achii bahuun gara Jabuutii deebiyan. Dubartoota Somaalee Afaan barsiisuun waliin wallisaa turan Anatu si jaallee na didin, Rabbii je'ii nan lakkisiin. Yonis jireenyasaanii gara caalu magaalaa Moqadiishootti kan dabrsan yogguu tahu, gumaacha isaan taasisan keessaa, lammilee Somaaliyaa Afaan Oromoo barsiisuun haga waliin sirbuu gahaniiru. Keessattuu weellistoota dubartootaa - Faaxumaa Qaasim, Mariyam Mursal, Ashaa Abdoo fi Hiboo Nuuraa jedhaman, waliigalatti dubartoota saddeet Afaan leenjisuun waliin sirbaniiru. ''Dubartoota Somaalii kana Afaan barsiisee baandii Oromoo hundeesse. Isaan waliin tahuunis haga tiyaatira agarsiiuu gaheera,'' jedhu Yonis. Amma maalirra jiru? Mootummoota dabran irraa eegalee dararaa hedduu dabarsanii lubbuun akka as gahan kan dubbatan artist Yonis Abdullaahii, guddina aartiifi Afaan Oromoof hayyuulee gumaacha taasisan keessaati. ''Oromoon dilas nan beektu,'' kan jedhan artistiin kun erga biyyatti deebiyanii as gargaarsuma namootaan akka jiran himu. ''Galii waan takkallee hinqabu, ijjoolluma Oromootu na jiraachisa. Silaa akka hojii kootti konsartii qopheessanii na yaamu turan - kan kana godhe garuu hinjiru,'' jedhu. Qabsoon isaan waggoota 45 oliif godhaa turaniifis ''waa arguu jalqabuu kootti galata Rabbiiti,'' jedhu. Gama mootummaa naannoo Oromiyaa dabalatee, mootummaa naannoo Somaaleefi waltajjii magaalaa Jigjigaatti qophaa'eerratti, abbootii qabeenyaa hedduun waadaan isaan gargaaruuf galamee ture. Haa tahu malee haga ammaatti wanti isaaniif raawwate akka hinjirre dubbatu: ''Obsumaan Rabbi wajjin eeggachaan jira,'' jechuun gaddanii dubbatu.
oduu-56072793
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56072793
'Balaa na mudate booda, du'a caalaa jireenyan sodaadha': Nama qaamni isaa %90 abiddaan gubate
Nama ganna 20 du'a caalaa jireenyan sodaadha jedhu hedduu arguun ni rakkisa.
Seenaan Aleyksoo Paaz dookumeentarii 'the fire kid' jedhamuun hojjetame Mucaan lammii Ispeen ta'e Aleyksoo Paaz garuu miira akkasii qaba. Wayita umuriin isaa ganna saddeet ture Aleyksoo Paaz qaamni isaa %90 ta'u abiddaan gubate. Ergasii booda dhukkubbii hamaa fi guyyoota siqiqii akka salphaatti namaaf hin dhiine jiraate. "Guyyaa mara ganama siree irraa akkan ka'u kan na godhu aariidha" jechuun bilbilaan BBC'tti hime. "Akkan jiraadhu, lubbuun akkan turu kan na taasisu isa. Aarii koo raap gochuun, muuziqaa hojjechuun ofirraa cabsa." Paaz guyyaa balaan isa mudate konkolaataa abbaa isaa kan bobaa'aa liitira kuma hedduu fe'ee tureen imalaa ture. Wayita konkolaataan sun balaan irra gahee garagalu Paaz rafee ture, yoo dammaqu abiddi irraa boba'a ture. Lubbuun kan hafee akka carraati. Umurii ijoollummaa isaa irra hedduu kan dabarse hospitaala keessatti. Wal'aansa baqaqsanii suphuu fi yaalawwan gogaa qaamaa hedduu godhate. Jireenyi isaa harki caalu dhukkubbii, abjuu badaa fi aarii akka maleen kan guutame ture. Paaz iddoo namni itti hedduummatutti argamuu ykn ammoo namni hubatee akka isa ilaalu hin fedhu. Ni shakka, nama waliin salphaatti walitti hin siqu. Dookumentarii dhiyeenya bahe 'The Fire Kid' irratti seenaa isaa himuun isaa ajaa'iba. Paaz ijoollummaa isaa ija uummataa baqachaa dabarse Paaz waggoota dheeraaf kaameeraan akka isa hordofus hin fedhu ture. Kanneen seenaa isaa daawwatan waan addaa akka hin eegne itti hima - seenaan isaa kan abdii namatti horu ykn kan jajjabina namaaf kennu miti jedha. "Namoonni anaan akka fakkeenya jabinaatti na ilaalanii akka dogoggoran hin fedhu. Ani wantin irra aane tokko hin jiru, akkuma nama kaanii jiraachuufan jiraadha." Aleyksoo Paaz direektara fiilmii Ignasiyoo Akoonsiyaa waliin Paaz waan isa mudate ammayyuu irra hin aanne jedha. "Namoonni akkan nama jabaa ta'etti na yaadu garuu gonkumaa akkas miti. Balaa na mudate booda du'a caalaa jireenyan sodaadha." "Balaa sana irraanfachuu hin danda'u. Wayita gara sammuu kootti dhufu, tokko tokkoon waan mudate yaaduun eegala. Wayitan gubadhu sana takkaayyuu of hin wallaalle, ofin beekan ture. Irraanfachuun ulfaataadha." Guyyuu abjuu badaa akka qabuu fi hirriba gahaa akka hin rafne dubbata. "Gaaf hedduu tasa kan dafqi narra yaa'uu fi onneen koo ariitiin rukuttun dammaqa." 'Daa'imummaa koo hin yaadadhu' "Daa'imummaan koo akkam akka ture of hin beeku," jedha Paaz Akka Paaz jedhutti godaannisi balaa kanaa gogaa isaa qofarratti hin hafne. Eenyummaa isaa guutummaatti jijjiire. "Daa'imummaan koo akkam akka ture of hin beeku," jedha Paaz. "Kuni garuu bifa qofaan miti. Miira abdii fi gammachuu homaa hin qabu. "Erga balaa sanaatii haguuggii wayiitu narra jira. Maqaan koo Aleyksoodha, garuu maqichi ana bakka hin bu'u. Aleyksoon maqaa daa'ima tokkoo malee kana nama ani amma ta'e kanaa miti." Paaz guyyuu dhukkubbii fi aariin akka itti dhagaa'amu hima Haa ta'u malee, namoonni dokumentarii isaa erga ilaalanii booda seenaan isaa akka isaan gargaare isatti himuu Paaz ni dinqisiifata. Jalqabarratti moggaasa dookumentarichaa 'The Fire Kid' jedhutti hin gammadne ture. Booda maqichi maqaa masoo isaa ta'e. Amma garuu itti madaqeera. Seenaan isaa namootaaf jajjabina kennuun gaarii ta'uu kan dubbatu Paaz, inni garuu waa ni jijjiirama jedhee akka hin amanne dubbata. 'Muuziqaan abdii naaf kenna' Muuziqaan iddoo itti baqannaa fi isaan akka hafuura baafatu dubbata Paaz "Nagaa ta'uu hin fedhu. Nagaa ta'uun maal akka ta'es hin beeku. Inumaa gaafan aariin hirribaa ka'u humna naaf ta'a," jedha. "Guyyaa mara dhukkuba garaa fi dhukkuboota biroos nan qaba. Namni wanti hundi gaarii ta'a, ni sirrata jedhee na jajjabeessus, dhugaan lafarra jiru garuu akkas miti." Garuu "harka hin kennu" jedha. Muuziqaa karaa raapparii "Chaca" jedhamuu akka eegale kan himu Paaz, "Muuziqaan iddoo itti baqannaa kooti, isan hafuura baafadha" jedha. "Abdii xiqqoo akkan qabaadhu, gara fuuladuraas akkan mil'adhu na godha." "Garuu akka hin dogoggorre, ani akka weellisaatti of hin ilaalu, muuziqaan waa milkeessuufis hin yaadu." "Duraan aariikoo keenyaan bunyaan dhahuun ofirraa cabsa ture, amma garuu muuziqaa barreessuuni."
oduu-48377370
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48377370
Dargaggoonni maaliif kondomiitti hin fayyadaman?
Heeyleey* jaalallee ishee waliin erga gargar baatee booda galgala sana gurbaa yeroo mana barumsaa sadarkaa lammataa turte beektu tokko waliin tasa walitti baate.
Aaron* humna waraanaatti makamee waan tureef yeroo dheeraaf wal hin agarre ture. Kanaaf battaluma wal argan haasa'uu eegalani. Waliin waarisiifatani wal fudhatani galan. "Akkan xiqqoo jarjare naaf gala garuu gurbaa kana mana barumsa sadarkaa lammataa irraa kaaseen beeka" jetti shamarreen ganna 24 kun. "Xiqqoo machaa'uus hin oolle, gurbichas waanan beekuuf kondomii fayyadamuun hagas mara barbaachisaa natti hin fakkaanne ture. Gaafan dhibee gogaa dhaqna namaa irratti mul'atu 'Chlamydia' ofirratti arguun akkan dogoggore naaf gale" jetti. Erga dhibee saal-qunnamtiin daddarbu kana ofirratti argitee booda waa'ee of-eeggannoo gochuu kan yaaduu eegalte. "Baay'ee ofitti aaree of arrabsaan ture" jetti. Gurbaan mallattoo dhibee kana dursee ofirratti argee akka ture gaafa dhageessu ammoo aariin ishii gara nama amanu dhiisuutti guddachuu himti. Sanaan dura Heeyleey wayita qunnamtii saalaa raawwattu kiniinii dahumsa dhorku ni fudhatti garuu kondomii kan fayyadamte yeroo qubaan lakkaa'amudha. Sababni isaa akka isheen jettutti 'itti hin tolu', ammoo waa'ee kondomii dubbachuun jibbisiisaa akka ta'e yaaddi, "Yeroos yoon waa'ee kondomii fayyadamuu dubbadhe akka gowwaatti na fudhatu jedheen yaada ture. Waa'ee dhibee saal-qunnamtiin daddarbanii nan yaadda'an ture garuu haa fayyadamnu jedhee dubbachuuf ofitti amanamummaan dhaba - keessa koo fedhii dhiirota gammachiisuutu jira." Dhukkubooti saal-qunnamtiin daddarban dhala godhachuu irratti dhiibbaa irraan gahuu akka danda'u gaaf bartu akka dammaqxe himti. "Akka kanatti yaadee hin beeku ture. Gaaf kondomii fayyadamuu dhiistu nama tokko akka malee amanaa jirta jechuudha, kanamoo gochuu hin qabdu." Saal-qunnamtii of-eeggannoon guutame gochuu dhabuun kufaatii Heeyleey qofa miti. Namoonni hedduun akkaataa itti kondomii hidhatanillee muuziitti kondomii kaa'uun manneen barnootaa keessatti kan agarsiifamuun alatti barnoota waa'ee saal-qunnamtii gahaa ta'e hin argatani. Qorannoon UK keessatti taasifame tokko akka mul'isutti dargaggooti umurii 16-24 nama haaraa waliin wayita saal-qunnamtii raawwatan kondomii hin hidhatani. Dargaggoota umurii wal fakkaataa keessa jiran 10 keessa tokko ammoo cirumaa kondomii fayyadamanii hin beekani jedha qorannoon kun. Kondomii fayyadamuu dhabuun ammoo infeekshiniiwwan saal-qunnamtiin daddarban yeroo dheeraa keessa miidhaa namarraan gahuu danda'an kan akka salphaatti ofirratti arguun hin danda'mneef nama saaxiluu danda'a. Rakkoo akkasii hambisuuf jecha biyyoonni hedduun dargaggoonni kondomii bilisaan akka argatan taasisaniiru. Haa ta'u malee bakka kondomiin bilisaan argamuttillee dargaggoonni itti hin fayyadamani. Maaliif? Sababni tokko maloonni biroo ittiin dahumsa to'achuun danda'amu akka kiniinii, lilmoo waraannatan akkasumas kan qaama ofii keessa awwaalchisan heddummachuu isaati. Faallaa kondomii malootni kunneen yeroo yeroon yaadatanii bituu fi fayyadamuu hin barbaachisani. Sababni biraa kondomiin erga yeroo duraaf bara 1950 keessa kalaqamee booda haala mijaataa ta'een yeroo yeroon dizaayiniin fooyya'ee dhiyaachuu dhabuu isaati. Kondommiin yeroo duraaf kan tolfame mar'umaan horii irraa akka ta;e himu ogeeyyiin. Yero duraaf pilaastikii irraa kan tolfame ammoo walakkeessa jaarraa 19ffaa keessa akka ta'e himama. Yeroos kondomiin mataa qaama saalaa dhiiraa akka uwwisu qofaaf ture kan tolfame. Waggoota kurnan booda akka guutummaasaa uwwisutti kan fooyyeffame. Haa ta'u malee kondomiiwwan haphii ta'an miira sirrii namaaf kennan hanga jalqaba jaarraa 20ffaatti hin tolfamne ture. Yeroo ammaa kana kondomiin haalaa adda addaan dhiyaatullee dizaayiniin isaa kan jalqaba bara 1957 hojjetamerraa badaa hin fooyyofne. "Yeroo jalqabaa umuriin koo saal-qunnamtiif gahu oduun waa'ee HIV baay'ee ho'aa ture" jedha Samu'eel*. Dargaggeessi ganna 27 kun sodaa fi loogii sababa vaayirasii kanaatiin namarra gahaa ture ture sirriitti yaadata. "Kanaf jecha yeroos [waggaa kurnan dura] yeroon saal-qunnamtii raawwadhu kan ammaa caalaa of-eeggannaa guddaa waliin ture kanan kondomiitti fayyadamu" jedha. Miidiyaa irratti waa'een HIV akka duraa dubbatamuu dhabuun, ammoo talaalliiwwan vaayirasii HIV ittisan kalaqamuufi tamsa'inni isaa hir'achaa dhufuun sababoota namni kondomii fayyadamuu dhiisaa dhufeef keessa tokko ta'uu danda'a jedha. Qorichoonni akka HIV nama hin qabne dursanii fudhataman PrEP (pre-exposure prophylaxis) jedhaman kalaqamuunis qooda guddaa qabu. Qorichoonni kunneen yeroo dheeraa keessatti fayyaa namaa irratti dhiibbaan qaqqabsiisan adda bahuu baatullee itti fayyadamni kondomii daran akka hir'atu sababa ta'aniiru jedha qorannoon. "Dhukkuboonni kaan yaalamuus kan danda'an waan ta'eef akka HIV sodaachisoo miti" jedha Samu'eel*. "Yeroon naman sirriitti hin beekne tokko waliin kondomii malee saal-qunnamtii raawwadhu miira badaatu natti dhagaahama garuu ammoo battalumattin irraanfadha. Achii booda gaafan yaadadhu nan sodaadha" jedha. Namni tokko yeroo saal-qunnamtii raawwatu sodaa dahumsa hin barbaadamne fi dhukkuboota daddarbanii qaba yoo ta'e fedhiin saal-qunnamtii isaa ni miidhama, keessuma kan dubartootaa akka qorannoon Ameerikaa tokko jedhamutti. Sababa kondomii fayyadamuu dhabuun dhukkuba saal-qunnamtiin qabamtee akka turte kan dubbattu shamarreen ganna 24 Looraan, ergasii sodaa guddaa akka qabdu himti. "Sodaan sammuukee keessa jira yoo ta'e waan hedduu balleessa" jetti. "Kondomiin anaaf haara galfi guddaadha. Namoonni kondomii fayyadamuu hin feene yeroo mara warra yaada qajeelaa qaban miti jedheen yaada." Namoota tokko tokkoof garuu fedhiin kondomii fayyadamuu dhabuu gahumsa saal-qunnamtii isaanii waliin wal qabata. Dargaggeessi ganna 26 Joosh*, saal-qunnamtii erga eegalee kaasee waggoota saddetiif takkaa kondomiitti fayyadamee hin beeku. Kondomii kan jibbeef yeroo duraaf jaalallee isaa ishee jalqabaa waliin saal-qunnamtii raawwachuuf wayita jedhu qaamni saalaa isaa ka'uufii dide. Kuni kan ta'eef sababa kondomii hidhateefi jedhee yaada. Ergasii booda sodaa sana waan qabuuf kondomii fayyadamuu akka dhiise dubbata. Wayita kondomii hidhatan kan qaamni saalaa ka'uufi didu Joosh qofa akka hin taane pirofeesarri fayyaa saal-qunnamtii fi wal hormaataa yuunivarsitii Sawuzhaampitan Siintiyaa Giraahaam ni dubbatti. Kondomii fayyadamuu waliin walqabatee qaamni saalaa ka'uu dhabuun 'waan hin baratamne' miti jetti. Sababni qaamni saalaa ka'uu diduuf tarii narvii waliin wal qabachuu mala. Yookan ammoo kondomiin bal'achuu ykn garmalee dhiphachuu ta'uu danda'a jetti ogeettiin kun. Xiin-sammuu waliin wal qabachuu akka danda'us ni himti. Dhimma kanarratto kan qoratte pirofeesar Giraaham akka jettutti namoonni rakkoon akkasii isaan mudatu gosa kondomii isaaniif mijatu filachuu qabu jetti. Kondomiiwwan guddinnii fi lallaafinni isaanii wal caalu jiraachu namoonni hedduun quba hin qaban jetti. Namoonni tokko tokko keessumaa dubartoonni kondomiin akka itti hin tolleefi darbe darbees akka isaan dhukkubsu kan jettu pirofeesar Giraaham kun sababa kondomiin goguutiin ta'uu danda'a jetti. Yeroo akkasii dibata dabalataa kondomii laaffisu fayyadamuun barbaachisaa ta'uu himti. Komiin biraa namoonni kondomii irratti dhiyeessan kan pirofeesar Giraaham mudate kondomiin miira saal-qunnamtii hir'isuudha. Kunis kondomii gosa gara garaa yaaluu dhabuurraa madda jetti ogeettiin kun. Bara 2019 kana keessallee shamarran sababa loogii irra gahuun kondomii bitachuuf ija jabina hin qabani. "Dhiironni hamma shamarranii waan dhiphatan natti hin fakkaatu" jetti Heeyleey. "Suuqii keessa waanan hojjedhuuf nan arga, yeroo baay'ee kondomiin kan bitamu dhiirotaan qofa. Dubartoonni gadi bahanii bitachuuf ofitti amanamummaa hin qabani." Akka pirofeesar Giraaham jettutti shamarran tokko tokko 'kondomii malee jedhanii yoo didan' jaalallee isaanii dhabuu akka danda'an sodaatu. Keessaahuu kanneen "ofitti amanamummaa hin qabne, jireenyatti gammadoo hin taanee fi waa'ee bareedina qaama isaanii shakkii qaban kanaf saaxilamoodha" jetti. "Shamarran akkasii jaalalleewwan isaanii 'saal-qunnamtii gaarii' akka waliin qaban akka itti dhagaa'amu waa'ee kondomii fayyadamuu hin kaasani." Ofii, namni kondomiitti akka fayyadamu maal gochuutu danda'ama? Gaaffii armaan olii namoota deebisuu yaalan keessaa tokko intarpiruunara Ameerikaa Isteesii Chiin. Kaampaniin ishee kondomii jala jalaan of laaffisu, kan namoota saal-qunnamtii of-eeggannoo qabuuf jajjabeessu kalaqeera. Kondomiin kun reef yaaliirra kan jiru yoo ta'u abbaa taayitaa Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaatiin mirkaneeffamuu qaba. Dizaayiniin kondomii ammaaf wayyaa'ee hojjetame kan gabaarra jiru kan kaampaniin biyya Siwiidin tokko hojjete yoo ta'u, baay'ee haphii kan ta'eefi meeshaa ho'a qaamaa of keessa dabarsuu danda'urraa kan hojjetamedha. Haa ta'u malee kunis hamma barbaadamu hin argamu. kan bitamuu danda'us intarneetii irraa qofa. Intarpiruunarri Biritish Maayik Hoor ammoo kondomii hidhachuuf salphaa ta'e kalaqeera. Kondomiin inni kalaqe waan tuqamee banamu kan qabuufi osoo kondomichas ta'e qaama saalaa harkaan hin tuqiin hidhachuun ni danda'ama. Kondomiin kun keessumaayyuu wayita namoonni machaa'an ykn waanta sammuu nama hadoochu fudhatan salphaatti hidhachuuf danda'anidha jedha Maayik. Kunis gabaaf hin dhiyaanne. Kun kanaan osoo jiruu ilaalcha waa'ee saal-qunnamtii of-eeggannoo qabuu fooyyessuuf maaltu godhamuu qaba? Barnooti saal-qunnamtii akkamiin waa'ee kanaa haasa'uun akka danda'amuufi hubannoo waa'ee fayyaa saal-qunnamtii foyyeessuuf ni gargaara. Barnooti wayita ammaa iddoo hedduutti kennamu akkamiin kondomii akka hidhatan qofadha. Innuu erga saal-qunnamtii eegalanii booda turee kennama jechuun komatu dargaggoonni. Rakkoon biraa namni waa'ee saal-qunnamtii ifatti dubbachuuf saalfachuudha. Kanaafis namni tokko xiqqummaa irraa eegalee haasa'uu qaba. Akka Heeyleey* jettutti ijoolleen xiqqummaa irraa kaasanii waa'ee saal-qunnamtii haasa'uu hin eegalan yoo ta'e, carraan erga guddatanii haasa'uuf ija jabina qabaachuu isaanii xiqqaadha. Barnooti saal-qunnamtii bal'ina qabu manneen barnootaa keessatti akka kennamu gochuufi maatii keessatti dhimmi kun ifatti akka haasa'amu gochuudhaan mootummaa fi maatiin gahee guddaa qabu jedhu ogeeyyiin. *Maqaan jijjiirameera
oduu-48228657
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48228657
''Warshaalee gurguruu dura seerotaafi labsiiwwan baasuu feesisa''
Mootummaan akkuma karoorfatee turetti warshaalee sukkaaraa qabu 13 guutummaan ykn gariin gurguruuf beeksisa baasuu isaa Hojii Gaggeessaa Olaanaan Korporeeshinii Sukkaara Itoophiyaa Obbo Wayyuu Roobaa BBC'tti himan.
Obbo Wayyuun erga ministirri Faayinaansii warshaalee kanneen gurguruuf ulaagaa barbaachisu baase kaampaanoti biyya keessaafi alaa hedduun bitachuuf fedha akka qaban ibsaa jiru jedhan. Akka ragaa bara 2016/17'tti warshaaleen sukkaaraa Itoophiyaa walumaagalaan waggaatti sukkaara kuntaala miiliyoona afur kan oomishan yoo ta'u, fedhiin biyya keessaa ammoo kuntaala miliyoona torbadha. Kana guutuuf mootummaan kuntaala miiliyoona 4.1 tahu biyya alaa irraa galchuun ummataaf rabsaa ture. Haa ta'u malee mootummaan warshaalee sukkaara haaraa kudhan ijaaruuun oomisha waggaa isaa gara kuntaala miiliyoona 40tti guddisuuf hojjechaa turus Koorporeshiniin sibiilaa fi Injinariingii Itoophiyaa 'METEC' yeroo jedhametti xumuruu hin dandeenye. Kanaan walqabatees biyyattiin baasii dabalataaf saaxilamaa turuu gama mootummaan himamaa ture. Rakkina kanaaf fala barbaachuun fedhii biyya keessaa guutuuf dhiheenya kanan motummaan karoorasaa ifa taasiseera. Warshaaleen kunneen maaliif gurguramu? Sochiilee haaromsa Ministtira Mummee Dr Abiy Ahimad keessaa tokko dhaabbile gurguddoo mootummaan qabaman gara dhunfaatti [private] naanneessuudha. Dr Abiy yeroo gara taayitaatti dhufanitti biyyattiin hanqina sharafa alaa guddaa keessa ture. Liqaan waggoota dheeraaf kuufamaa tures bulchiinsa Abiy irratti gufuu tahuu akka danda'u xiinxaltootni siyaasaa himaa turan. Ogeessi dinagdee Tashoomee Tafarraa waraqaa qorannoo isaa Beeljiyeemitti hojjechaa jiru ammo mootummaan waan lamaaf warshaalee kanneen gurgura jedha. Keessumaa warshaalee sukkaraa hedduun isaanii gara xumuraati waan argamaniif yeroo mootummaaf galii itti argamsiisuu danda'an irratti argamu jedha. Warshaa Sukkaaraa Itoophiyaa Warshaaleen sukkaaraa tokko tokko liqaadhaan waan ijaramaniif ijaarsi isaanii osoo hin xumuramiin yeroon liqaa itti deebii'u waan gaheef mootummaan hanqina sharafa alaaf saaxilameera jedha. Kanaafuu mootummaan maallaqa callaa argachuuf jecha jaallatee qofa osoo hin taane dirqamee gurguraa jira jedha. Kan biraan ammoo ijaarsi isaanii yeroon xumuramuu dhabuunis motummaa baasii dabalataaf saaxilaa jira jedha. Haaluma walfakkaatunis, hayyuun dinagdee lammii Keeniyaa Toonii Waatimaa, Itophiyaan biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa guddina dinagdee saffisaa galmeessaa jirti jedha. Adeemsa piraayivetaayizeshinii ilaalchisee muuxannoo Keeniyaa keessa jiru yoo eeranis, ''warshaalee sukkaaraas tahe kaampanota gurguddoo mootummaan qabaman gara dhuunfaatti naanneessuun malaammaltummaa gurguddaa damichatti hojjetamuufi qisaasamaa baajataa ni hanbisa,'' jedha. Ijaarsi dhaabbilee gurguddoo yeroo jedhameetti hin xumuramee yoo ta'e, akkuma gatiin ijaarsaa adunyaa dabalaa adeemuun mootummaan baasii dabalataaf saaxilamaa adeema jedha. Abbootiin qabeenyaa invastimantii damichaa keessa yoo galan yeroofi qabeenya isaanii qusachuun yeroo gabaabaatti ummataaf tajaajila kennanii ofiis bu'aa argachu waan barbaadaniif filatamaa isa taasisa jedha hayyuun kun. Gama biraanis baajata mootummaan liqaanis tahe kuusaa isaa keessa dameewwan kanneeniif ramadu abbootiin qabeenyaa yoo ofii isaanii hojjatn mootummaan misooma kaan irratti akka xiyyeeffatuuf gargaara jedha Toonii Waatimaa. Gahee mootummaa fi Bulchiinsa warshaalee Obbo Wayyuu Roobaa warshaaleen kunneen gara dhuunfaatti yoo dabarfamanitti haala bulchiinsa isaa ilaachisee seerri qophaa'aa jira jedhan. Dhimma rabsaafi kaan ilaalchisees fuulduratti kan murtaa'u taha kan jedha Obbo Wayyuun, gama gatiifi gabaa ilaaluun ammoo abbaan oomishutu gatii murteesse gurguruu danda'a jedhan. Kanaan dura sukkaara rabsaa kan ture mootummaa tahus gatii murtaa'een oliin namoota dhuunfaan gurguramaa ture. Kanaafuu guutummaatti abbootiin qabeenyaa bu'aaf hojjattan harka yoo gale ammoo maal taha kan jedhu deebii barbaada. Ogessii dinagdee kan biraa Obbo Tashooma Tarrafaa dhaabbileen dhuunfaa baay'een yoo biyya keessa galan hamma oomishaafi dhiyyeessii isaanii waan dabalaniif gatiin ol ka'a amantaa jedhu hinqabu jedhu. Dinagdee gabaa bilisaan hogganamu keessatti ammoo abbaan qabeeya gatii isaa murteessuuf mirga guutuu qaba jedhus. Gama biraatiin ammoo Toonii Waatimaa mootummaan Itoophiyaa warshaalee kanneen gurguruun dura seerotaa fi danbiiwwan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba jedha. Kan jechuunis mirga fayyadamtootaa kabachiisuuf, fayyadamummaa qonnaan bultoota shankoraa warshaaleef dhiyyeesanii eeguufi haala gabaa tooftaa ittiin to'achuu danda'u irratti jalqaba xumuru qabu jedhu. Dabalataan qaamni qulqullina oomishaa to'atuufi qoratu cimaan yoo hundaa'e malee abbootiin qabeenyaa hedduun faayidaa ummataa dura bu'aa isaanii dursu jedhu. Mirga fayyadamtootaa fi kaampaanota dhuunfaa Obbo Wayyuu Roobaa kaampaanoti dhunfaa yoo gara biyyaatti galan maashinoota gurguddaafi teeknolojii fidanii dhufu malee misooma shankoraarratti hin hirmaatan jedhu. Shankoraa omisha sukkaaraaf barbaachisu qonnaan bultootatu dhiyeessaa jedhan. Dabalataan hojjettota warshichaa kanaan dura turan irratti dabalataan carraa hojii uumuufi carraawwan leenjii haaraa kennu jennee abdanna jedhan. Gaafii akkamiin mirgi qonnaan bultootaa eegamuu danda'a? jedhuuf deebii yoo kennan ammoo, Obbo Wayyuun ammaaf adeemsi xumurame jiraachuu baatus fuulduratti labsiifi imaammata bulchiinsa isaanii keessatti murtaa'a jedhan. Akka Toonii Waatimaatti Keeniyaatti waldaan Qonnaan bultootaa cimaan ogeessa seera qabuufi gatiirratti qonnaan bultoota bakka bu'uun warshaalee waliin waliitti fidu jira. Kanaafuu gabaa wal xaxaa adunyaa qonnaan bultoonni baay'een waan hin beekneef mootummaanis karaa kanaan mirgaafi fayyadamummaa isaanii eega jedha. Kun ammoo labsii mootummaan deeggaramuu qaba jedha. Dabalataan warshaaleen sukkaara Oomishan ofuma isaaniin rabsuu osoo hin taane waldaaleef gatii madaalawwaan kennanii akka uummata bira dhaqqabu taasisuun barbaachisa jedha. Yoo kun hin taane bakkuma hundatti ofumaan gabaa waan to'ataniif qaala'insa jireenyaa uumuu danda'a jedha. Ogeessi dinagdee Tashoomaa Tarrafaa gama isaanitiin, seerris fi labsii cimaan mirga fayyadamtootaafi waldaalee kabachiisu jira amantaa jedhu hin qabu jedha. Seenaa biyyattii keessatti kanaan dura waldaaleen dafqaan bultootaa, barsiisotaafi kaanis hundaa'anii akka human hin godhanne taasifamaa turan jedha. Ogeessota cicimoos hin qaban ture jedhee ammas faayidaa qonnaan bultootaas tahe fayyadamtoota kaaniif dhabbanni ijaaramee cimeeru biyya keessa hinjiru jedha. Hayyuun dinagdee Toonii Waatimaas mootummaan jalqaba waldaalee ijaaree leenjiidhaan cimsu qaba ; Keeniyaatti waldaalee cicimoon akka ijaaraman kan taasise mootummaadha jedha. Biyyoota dinagdeen guddatan keessatti dinagdeen gabaa bilisaarratti hundaa'e haala gaariin hojjechaa jira jedhee Itoophiyaaf garuu guutummaatti hojii irra oolchuuf haaloti barbaachisan jiru jedha. Mootummaan yoo warshaale gartokkeen gurguru abbootii qabeenyaa irratti dhiibbaa akka hintaasifneef iftoomina guddaa qabaachuu qaba jedhee amana Tooniin. Sodaan adeemsi piraayivetaayizeshiinii kun umee jiraa? Adeemsi pirayivetaayizeshinii kun waan haaraa miti kan jedhan Obbo Tashoomee Tarrafaa, garuu warshaaleen huccuu kanaan dura abbootii qabeenyaa dhuunfaatti gurguraman milkaa'oo akka hin turre dubbatu. Dhabiinsa iftoominaa akka sababni guddaatti eeru. Kana malees abbootiin qabeenyaa biyya alaa dhufanii warshaalee bitatan baankii misoomaa Itoophiyaa irraa liqaa hamma warshichi baasuun ol fudhachuun ji'a hojjachuun booda biyyaa badaa akka turan yaadata. Kanaan walqabatees biyyi kasaaraaf saaxilaamaa waan turteef amma of eeggannoo guddaan hin raawwatu taanaan miidhaa isaatu caala jechuun soodaa qaban ibsu.
oduu-55438257
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55438257
Haleellaawwan irra deddeebiin Godina Matakkalitti raawwatan duuba maaltu jira?
Haleellaan naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal keessatti irra deddeebiin mudatu sabaa fi sab-lammoota godinicha keessa jiraatan hunda irratti kan qiyyaafateedha jedha mootummaan naannochaa.
Bara kana Fulbaana irraa kaasee hanga Muddee kanaatti haleellaawwan gurguddoon sadi raawwachuu BBC'n qulqulleeffateera. Haleellaa kanaan hedduun lubbuusaanii, kaan qabeenya dhabaniiru, hedduunsaaniimmoo qe'eesaaniirraa baqataniiru. ALI Muddee 13 bara 2013 halkan keessaa naannoo sa'atii 10:00'tti haleellaa Aanaa Bulan Ganda Bakujjii jedhamtutti raawwateen, namoonni 100 caalan ajjeefamuu jaarmiyaaleen mirga namaaf quuqaman ibsaniiru. Hojjettoonni Hospitaala sadarkaa jalqabaa aanaa Bulan BBC'tti akka himanitti namoonni 30 caalan hedduunsaanii kanneen rasaasaan, xiyyaa fi meeshaalee qara qabaniin haleelaman hospitaala seenanii turan. Godina Matakkalitti haleellaa raawwatameen namoonni hedduun ajjeefaman Beenishaangul Gumuziitti namoonni 100 ol ajjeefamuu dhaabbileen mirgoota namoomaa himan Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannochaa Obbo Mallase Bayyane lakkoofsi namoota ajjeefamanii hedduu akka ta'e himanii, lakkoofsi sirrii dubbachuurraa garuu of-qusataniiru. EBC waajira kominikeeshinii naannichaa waabeffatee akka gabaasetti raayyaan ittisa biyyaa qaamolee ajjeechaa kana raawwatan adamsee namoota 42 ajjeeseera. Boora'uu nageenyaa naannochatti mudate keessaa harka qabaachuun kan shakkamanii fi dirqamasaanii kanneen sirnaan hin ba'anne, qondaaltonni mootummaa naannochaa torba to'annaa seeraa jala oolaniiru jedhan Obbo Mallaseen. Roobii barii haleellaa Ganda Bakkujjii keessatti mudateen cinatti ganda ollaa kan taate Doobbii keessattis haleella hidhattootaan raawwateen namoonni shan ajjeefamuu jiraattonni BBC'tti himaniiru. Hoogganan kominikeeshinii naannochaa kun garuu waa'ee haleellaa sanaa dhagahuurraan kan hafe odeeffannoo sirrii fi mirkana ta'e akka hin qabne himan. Godina Matakkal aanaalee afur keessatti, rakkoo nageenyaa deddeebi'ee mudatu furuuf jecha, ALI Fulbaana 14 bara 2013 irraa kaasee komaandi postii jala waan jiraniif, akkaataa murtee komaandi postiin humnoonni nageenyaa mootummaa federaalaa dirqama nageenya eegsisuu fudhatanii hojjechaa jiru. Aanaaleen arfan komaandi postii jala jiran Daangur, Wambaraa, Bulan fi Gubaadha. ALI Muddee 13 haleellaan kan keessatti raawwatame, Bakkujjii... Gandi Bakkujjii magaalaa teessoo aanichaa taate Buulan irraa kiilomeetira 90 fagaattee kan argamtu yoo taatu, saboota akka Shinaashaa, Oromoofi Amaaraatu keessa jiraatu. Haleellaan kun Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhimma nageenyaarratti hawaasa naannoo waliin mari'achuun furmaata kaa'anii bariisaa raawwate. Ministirri Muummee Abiy kan gara Matakkal imalanii hawaasa waliin mari'atan ALI Muddee 13 ture, haleellaan kan raawwate ammoo Muddee 14 bariidha. Jiraattonni naannoo akka jedhanitti haleellaan akkanaa bara darbe(2012) ji'a Qaammee keessa yoo ta'u, ergasii kaasee hanga ammaatti haleellaawwan suukanneessoon sadi raawwatamaniiru. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa rakko boora'uu nageenyaa naannoo Beenishaangul Gumuz bakkeewwan garaagaraatti mudatu hordofee taateewwan suukanneessoo mudataa jiran daran akka isa yaaddessan deddeebi'ee ibsaa ture. Komishinichi Qaammee 1, bara 2012 akkasumas Qaammee 2 hanga Fulbaana 3, bara 2013'tti yoo xiqqaate haleewwan ciccimoon lama mudachuu mootummaa naannochaarraa mirkaneeffachuu ibsee ture. Fulbaana 15 bara 2013 barii naannoo sa'atii 11'tti Aanaa Daangur magaalaa Maanbuk keessatti haleellaa hidhattootaa raawwatameen lubbuun namoota 15 galaafatamuu Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa yeroo sana ibsee ture. Sadaasa 5, bara 2013 ammoo halkan keessa, Aanaa Dabaaxee keessatti, imaltoota Wanbaraa irraa gara Chaaginii imalaa turan irratti haleellaa raawwateen namoonni 30 caalan ajjeefamuu komishiniin kun yeroo sanas ibsee ture. Haleellaan inni sadaffaan alana mudate ammoo lubbuun namoota 120 ta'anii akka galaafatamuuf sababa ta'eera jedhu jiraattonnii fi kanneen ijaan argan. Haleellaawwan ciccimoo kanaan alattis Fulbaana darberraa eegalee haleellaawwan garaagaraa 20 ta'an naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti mudachuu BBC'n adda baafateera. Matakkalitti nageenya waaraa fiduun maaliif dadhabame? Mootummaan naannichaa rakkoo nageenyaa Matakkalitti dhalateen walqabatee aanga'oota mootummaa harka keessaa qabu jedhamanii shakkaman to'annoo jala oolchaa jiraachuu himaa jira. Hoogganaan waajira kominikeeshinii naannichaa obbo Mallasaa Bayyanaa hanga ammaatti aanga'ootni naannichaa torba to'annoo jala ooluu BBC'f mirkaneessanii jiru. Aanga'oota rakkoo nageenya kana keessaa harka qabu, gaafatama isaanii haalaan hin bahanne kan jedhamanii qabaman keessa Ministeera Hojjetaafii Hawaasummaatti Deetaan ministiraa damee hawaasummaa obbo Toomaas Kuuwee, Bulchaa itti aanaan naannichaa obbo Adgoo Amsaayyaa, Dayireektarri Ejensii Saayinsii fi Teknoolojii naannichaa kan duraanii obbo Shifarraaw Calleebboo, hoogganaan waajira paartii Badhaadhinaa godina Matakkal obbo Baandeeng Maar fi hooggansi biroon godinichaa duraanii obbo Araggaa Baalbedee keessatti argamu. Matakkalitti hidhattoota lubbuu namaa dabarsan 30 'tarkaanfiin irratti fudhatame' Haleellaa Matakkaliin lakkoofsi namoota ajjeefamanii 40 gahe Guyyaa har'aas aanga'ootni olaanoon naannichaa lama rakkoo kana keessaa harka qabu jedhamanii to'annoo jala ooluu obbo Mallasaan himaniiru. Namootni lameen kunis Dayireektara olaanaa ejensii bittaafi dhabamsiisa meeshalee naannichaa obbo Gammachuu Amantee fi Daayireektara itti aanaa abbaa taayitaa daandiiwwan baadiyyaafi geejibaa naannichaa obbo Admaasuu Malakkaadha. Haleellaa ALI Sadaasa 5 raawwatamee ture hordofee hooggantootni harka keessaa qabu jedhamaniifi kanneen gaafatama isaanii hin bahanne jedhaman sadarkaa naannoo hanga aanaa jiran irratti tarkaanfiin siyaasaa fudhatamuu hoogganaan waajira Badhaadhinaa naannichaa obbo Yisaaq Abdulqaadir BBC'tti himanii turan. Hoogganoonni kunniin Godina Matakkal keessa aanaalee argamanirratti gaafatama kna qaban namootni 45 aangoorraa akka ka'an godhamuus obbo Yisaaq himanii turan. Hoogganoota aangoorraa kaafamanii turan keessaa namootni Poolisii naannichaa sadarkaa itti aanaa Komishinaraan hoogganaa turan lama ni argamu. Sadarkaa godinaatti bulchitootni fi itti aantootni Daangur, Buulanfi Wanbaraa fi hoogganoonni biroonis gaafatama isaanii haalaan bahachuu dhabuun bakka isaanoorraa ka'aniiru. Obbo Yisaaq kun haaraa akka hin taaneefi mana hidhaa godinichaatti hoogganoonni waggaa lamaaf himatni irratti hin banamne akka argaman dabalanii himaniiru. Himatni kan hin hundoofne ta'un komii kaasaa akka jiruufi sababni kun ta'eef ammoo dhimmichi kan qabame garee qorannoo federaalaan ta'uus dubbatan. Matakkaliin alattis godina Kamaasheettis akkasuma namootni to'annoo jala oolanii waggaa oliif osoo hin himatamiin kan jiran jiraachuus ibsaniiru. Namootni kun adabbii saffisaa akka argatan Abbaa Alangaa waliin haasa'aa akka jiraniillee himanii turan. Halleellaawan kunneen maaliif raawwatamu? Hidhattootni haleellaa kana raawwachaa jiran kanneen naannoo biraatii dhufan akka hin taane obbo Yisaaq himaniiru. Bara darbe Jaawweetti haleellaa dhalattoota Gumuuz irratti raawwatamee tureen ''mootummaan nuuf eeggachuu hin dandeenye'' komii jedhuun dargaggoota shiftoomanii bosona galan akka ta'anis aanga'aan kun himanii turan. Haleellaan sun wayita qaqqabe hoogganoota irratti taerkaanfiin hin fudhatamne komii jedhu dargaggoonni kun dhageessisuus obbo Yisaaq ni yaadatu. Kanaan alattis qaamoleen nageenya naannichaa fi biyyaa hin barbaanne keessumaa hidha haaromsa wajjin walqabsiisuun dargaggoota kana daangaa Sudaanitti leenjisanii hidhachiisuun gara naannichaa akka galan gochaa jirus jedhaniiru. Miidiyaalee hawaasummaarratti dhalattoota Amaaraa muraasaan''Matakkal kan keenya'' sochiin jedhu jiraachuun dargaggoota naannichaarratti ''hireen keenya maali'' yaaddoo jedhu kaasuus himaniiru. Ilaalchi kun garuu ilaalcha mootummaa naannoo Amaaraas ta'e kan uummatichaa akka hin taaneefi ilaalcha namootni muraasni oofan ta'uu hoogganaan Kominikeeshinii Beenishaangul Gumuuz obbo Bayyanaan ni dubbatu. Obbo Yiisaaq gama isaaniin lafa naannichaa misoomsuuf fudhatanii waan hin misoomsineef kan harkaa fudhatame mufii itti uumameen hokkora naannicha keesatti dhalatu deeggaraa jiraachuu kaasu. Dhaabni mormituu naannichaa tokko ergama itti kennuu kanneen rakkoo nageenyaa kana keessaa harka qabaachuun shakkamanii to'ataman poolisiif odeeffannoo kennuus dabalanii himaniiru. Haalli teessuma lafaa naannichaa fi hanqinni buu'uura misoomaa hidhattootaaf carraa uumuullee hoogganaan waajira paartii Badhaadhinaa naannichaa obbo Yisaaq himaniiru.
oduu-51848963
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51848963
Isheen Eenyu 18: 'Guyyaa tokkotti gudeedamee garaatti na hafe, HIV'nis qabame'
Seenaa dubartii Oromoo guyyaa hojii barbaacha baate, nama hojii ishee qacarsiisuuf waadaa seeneen gudeedamtu dubbattuufi bu'aa bahii hedduu keessa dabarte waliin walbaraa.
Godina Wallagga Lixaatti kan dhalatte Mooneet (nageenyasheef jecha maqaan jijjiirameera) akkaataan guddinashee haala mijataa keessatti hin turre. "Haatikoo abbaa malee nuguddifte. Qoraan gurgurtee rakkoo meeqa dandeessee nu guddiste. Gaafa humna isheetii ol ta'u ana namaaf na kennitee mana namaattin baradhee guddadhe" jetti. Barumsashees manuma namaa hojjechaa kutaa 12 xumurte. Qabxii gaarii waan hin arganneefis bara 2007 mana namaa kana dhiistee hojii humnaas ta'u hojjechaa, barumsa ishee itti fufuu fi harmeeshee hiyyummaan miila qabe gargaaruuf imala jalqabde. Magaalli isheen hojjechaa barachuufi wal'aansoo jireenyaa itti mo'achuuf filatte ammoo Bishooftuu ture. Magaalli Bishooftuu ammoo akka jireenya baadiyyaa Najjoo kan isheen keessatti guddatteen walfakkaataa ta'uu dhabuun bakka mucucoon jireenyaa itti ishee jalqabe ta'uu yaadatti Mooneet. "Yeroos haala jireenya magaalaa kanaa hin beeku. Afaan wallaaluunis rakkoo biraati. Kanaaf namoota waliin akkan barbaadetti walqunnamee hojii argachuuf na rakkise" jetti. Taateen Bishooftuutti guyyaa tokko ishee mudate garuu jireenyashee kallattii isheen hin yaannetti kan oofe abdis kan kutachiisu ture. "Ani bilbila haasa'aan karaarra deema ture. Namoonni sadii natti dhufanii na dubbisan. Afaan Oromootiin na dubbisnaan nan gammade. Anis rakkoo kiyya ittan hime. Isaan keessaa inni tokko hogganaa dhaabbata wayii akka ta'eefi akka naqacaru waadaa naaf seene" jetti. Waan baay'ee erga haasofsiisaniin booda gulantaan itti aanu adeemsa qacarrii fakkaatu gaggeessuudhaaf gara bakka 'waaajjira' jedhameetti isaan waliin imalte. Mooneet ragaalee barnootaashee qabattee deemaa waan turteef yeroosuma adeemsa qacarrii raawwachuu akka danda'amuu fi namni sin qacara jedhuun kunis chaappaa adda addaa qabatee waan jiruuf adeemsichi shakkuufillee hedduu kan nama dhibu hin turre jetti. "Namoonni kuni sadii waan ta'aniif ani keessi kiyya shakkii hin godhanne. Namoonni lamaan akkuma kiyya akka hojii qaxaramuuf deemaniitti kan wajjin bakka waajjira jedhame deemne. ''Animmoo namni afaan ani danda'u haasa'u naqunnamuusaatiif isaan argachuukootti baayyeen gammade," jechuun himti. Qe'een ishee fuudhanii deeman kuni mooraa bal'aa kan waajjiras, mana jireenyaas hin fakkaanne, kan namnuu waan keessa jiraatu hin fakkaanne ta'uu yaadatti. Hanga yoonaatti Mooneet gochi kuni kiyyootti akka ishee dhiheessaa jiru shakkuu hin dandeenye. Diraamaan taatota sadaniin hojjetamus itti fufe. "Jalqaba akkuma manicha geenyeen jarri lamaan na dursanii seenan. Animmoo ala taa'een dabaree ittiin qacarrii hojii raawwadhu eegaa ture. Namoota kanaaf yeroo chaappaan rukutamuuf aluma taa'een dhagaha" jetti Mooneet. Namoonni lamaan hamma turan turanii akkuma nama qacarrii raawwateetti bahanii deemanii fagaatan. Amma dabareen kan Mooneet waan ta'eef suuta jettee ulaa dhodhooftee mana nama qacarrii raawwata jedhame kanaatti seente. "Qoyi chaappaa siirukuteen siqacara osuma jedhuu yeroo natti fudhachiise. Anis taa'etuma osoon eeguu, tasuma ka'ee balbala cufee fuula kiyya mormaa oli wayiin nahaguugee ijakoo akka hin argine akkan sagalees hin dhageessifne godhee nagudeede" jetti. Guyyaa sana dhukkubbii hamaan waan itti dhagahameef ofis ta'ee nama ishee miidhe kana beekuu akka hin dandeenyes yaadatti. "Halkan sana achuma nabulchee gara ganamaa yeroon ani gara ofbeekutti dhufaa deemu nafuudhee bakkasaa hin beeku karaarratti nagatee nabiraa deeme" jetti Mooneet. "Durumayyuu ani kara deemtuun ture manallee hin qabu, naman beekulleen hin qabu, hojii barbaachaafin bahe. Yeroo sanatti karaarra ciisee rakkoo haadha kiyyaatu natti dhagahama ture. ''Haatikoo akkas rakkattee qoraan baattee naguddiste osoon isheefillee hin dabarsin jireenyi kiyyawuu bade jedheen baayyee natti dhagahame" jetti. Erga karaarratti kuftee miirota lama waliin waldhaansoo keessa turte, of ajjeesuu moo dhiisu kan jedhu. Tarkaanfii ofirratti fudhachuuf qalbiinkoo takkaa dhiisi takkaa godhi naan jechaa ture jetti. Dhumarratti ''kuni homaa miti kan kana caaluyyuu nan darba, inuman yaala malee of hin ajjeesu jedheen murteesse. Nama waanuman miidhame kana itti himadhullee dhabuun garuu caalaatti namiidhe," jetti Boodarra birrii of harkaa qabdu keessaa 200'n mana kireeffattee hojii humnaa hojjechuu eegalte. Haadhashee rakkoo keessaa baasuun galma ishee kan dhumaa ture. Jireenya hojii humnaa hojjechuurra biyya alaa baatee hojjechuu wayya kan jedhuun adeemsa garas ishee geessu jalqabuus ni himti. Yeroo kanatti ture rakkoon kan biraa miidhama dabalataa itti fide jiraachuu kan barte. 'Ulfa qabda naan jedhan' "Adeemsa biyya alaa bahuu kana jalqabeen 'passport' baaseen qorannoo fayyaatirran gahe. Qorannoo fayyaa kanarratti waanin takkaa hin eegnen dhagahe. 'Ulfa qabda' naan jedhan" jetti Mooneet. Miidhama amma duraarraa osoon hin bayyanatin ammoo rakkoo dabalataa keessa seenuun kiyya garmalee hamilee namiidhes jetti. "Ulfa ta'uukoo takkaa yaadee waanin hin beekneef mana yaalaa biraa deemeetin ilaalame. Ulfa ji'a afurii fi guyyaa 13 ta'eera naan jedhan. Miirri ulfaa'us natti dhagahamee hin beeku ture. Nama akkana na godhe kana silaa argachuu hin danda'u jedheen rakkinuma kiyya waliin 'Haa ta'u' jedhee danda'e jetti. Erga hojii humnaa hojjechuu eegalte namoota waliin hariiroo qabaachuu waan dandeesseef waan ishee mudate kanallee mariisisuuf carraa argachuus himti. " Waan narra gahe tokko lama jedheen itti himee isaaniin mariisise hunduu yaaduma mataasaanii naaf qoodanii najajjabeessaa turan" jetti. Yaanni miiltoon hojiishee tokko kenneef garuu rakkoo sadaffaa guyyaa tokkotti itti fe'ame akka bartuuf kan ishee gargaare ture. "Namni waliin hojjennu tokko 'deemii dhiigakee mee qoratami erga akkana taatee' naan jedhe. Tole jedhee yeroon deemee dhiigakoo qoratamu vaayirasii HIV dhiigakoo keessatti argame," jettii Mooneet miira yeroo sana keessa turte yaadachaa. Rakkoo walirra tuulamee isheerra ture kana BBC'tti yeroo himtu imimmaan illeesheerra yaa'e, sagaleenshee niciccite. Ta'us jireenyakoorraa dubartoonii nibaratu himuun qaba jettee miira keessashee waliin waldhaansoo qabaa seenaashee himuu itti fufte. "Kana duraarrayyuu amma baay'een miidhame. Hamileenkoo baayyee gadi bu'e. Ammaan booda barachuus hojjechuus hin danda'u maaltu na eeggata isa jedhu yaadeen sammuu kiyyattuu deebi'uun dadhabe," jechuun miira yeroos ture yaadatti. Boodarra hordoffii fayyaa taasisuuf murteesitee, gorsa ogeessaa fudhachuun qoricha fudhachuu itti fufte. Ta'us jiraachuuf hojjechuun dirqama waan itti ta'eef dhibee kana waliin hedduu akka dararamte yaadatti. "Ulfikoos guddateera. Hojii humnaa yeroon hojjedhummoo miirri dadhabbii natti dhagahamee dhiiga natufsiisa ture. Yaanni natti baayyatee booda hojjechuus nan dadhabe" jetti. Boodarra dhaabbata gargaarsaa tokkotti fudhatamtee deeggarsa barbaachisu hunda argachuun daa'imashee nagaan deessee, ogummaa adda addaas barachuu himti Mooneet. Dhaabbatichi deeggarsa gorsaa, kan maallaqaa, kan ogummaa waan kenneefiif amma Magaalaa Adaamaatti mana ciree banattee namayyuu qacartee hojjechaa jirti. Daa'imnishees vaayirasicharraa bilisa ta'uufiin hedduu akka gammaduufi galii argattuun haadhashees gargaaraa akka jirtu himti. Dhaamsa Dubartootaaf… "Dubartoonni yeroo baay'ee akka hin taanetti goyyoomfamna. Osoon yeroo sana rakkinakoo qofa ilaaluu baadhee namoota sana shakkeera ta'ee rakkinni kuni hundi narra hin gahuuyyu. Kanaaf dubartoonni, namni kam garam akka isan geessu karaan isa kamtu garam isaan akka geessu sirritti ilaallachuu qabu" jechuun dhaamti. Yeroo rakkinaan marfamanitti obsa qabaachuunis jireenyakoorraa kanin baradhedha jetti Mooneet. "Rakkinni kamuu nidarba, rakkina sana sodaa murtoo hin taane murteessuun hin barbaachisu. Rakkina tokko dheessuutti rakkina caalutti kufuu hin qaban." Mooneet fuula duraaf hojii amma eegalte cimsitee humna qabduun namoota rakkinaan karaarratti kufan gargaaruuf mul'ata qabachuus BBC'tti himte.
oduu-51410641
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51410641
Dr. Geetaachoo Dinquu: "Miidiyaa qabsootiif hayyama kenninee hin beeknu'' Dr. Geetaachoo Dinquu
Erga Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimad gara aangootti dhufaniin booda gama miidiyaalee dhuunfaatiifi bilisummaa pireesiitiin jijjiiramoonni jiraachuu dubbatan Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa Dr Geetaachoo Dinquu ogummaarratti xiyyeeffatanii hojjechuurratti ammas rakkootu jira jedhan.
Gama biraatiin ammoo haalli gabaasa midiyaalee kan walabummaarratti hundaa'e akka hin taane , kunis walitti bu'iinsa hawaasa jidduutti umamuuf madda akka ta'e yeroo baayyee ni dubbatama. Kanaafi to'annaan Abbaan Taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa madaalummaa fi walabummaa gabaasa miidiyaa to'achuurratti taasisaa jiru waan hin cimneef kanneen jedhanis hin dhabamne. Dr Geetaachoon biyyattii keessatti miidiyaaf haala mijataa gama uumuutiin fooyya'iinsi jiraachuu dubbatan. ''Walabummaa fi ogummaa miidiyaatiin biyya ollaa kan taate Keeniyaan sadarkaa fooyya'aa irratti argamti,'' kan jedhan Dr Geetaachoon, nutis wayita isaan miidiyaa Keeniyaa keessa jiran irraa muuxannoo qooddachuuf jila isaanii dursanii gara magaalaa Naayiroobii dhufa dubbisne. Dr Geetaachoon akka jedhanitti erga Minsitirri Muummee Abiy gara aangootti dhufanii booda gama midiyaatiin jijjirama hedduutu jira. Kanaan dura mootummaan miidiyaa elektirooniksiif hayyama kennuurratti akka of qabaa ture kan dubbatan Dr Geetaachoo Dinquu amma garuu miidiyaan elektirooniksii heddummaaachuu dubbatu. Keessattuu kanneen raadiyoofi TV karaa saatalaayitiin dabarsuu barbaadaniif ulaagaa barbaachisu guuttannaan hayyamni ni kennamaaf jedhaniiru. Kana malees marsariitiiwwan cufamanii turan hedduun deebiifamanii saaqamuu kan himan Dr Geetaachoon, filannoon hawaasni ittiin odeeffannoo argatu baayyateeras jedhaniiru. Haata'u malee haalli dirree midiyaa ukkaamfamee ture wayita saaqamuutti kanneen gara dirree kanaatti galan hundi ogummaa barbaadamuun hojjatu jechuun eeguun kan rakkisu ta'as, jedhu. Muraasni bilisummaa argametti fayyadamuun itti gaafatamummaan kan hojjatan yoo ta'u, kaan ammoo haalichatti fayyadamuun dhimmoota adda addaaf dhimma itti bahu jedhu. Hundi isaanii garuu hawaasa hunda haala wal qixa ta'een tajaajilla jechuun hayyama fudhatus jedhu. Loogiin guutummaatti midiyaa keessaa ni bada jedhamee eegamuu baatulleen, haalli midiyaa biyya keenya keessatti mul'atu kun garuu bakka biraatti baay'inaan hin mul'atu jedhan. Haata'u malee abbaan taayitichaa haala kana to'achuun kan irra jiru ta'ullee hariitiidhaan gara tarkaanfiitti galuu irraa of qusachuus himaniiru. Kanaafis sababii yoo eeran, haala bilisummaa midiyaa amma eegalameefi haguuggii miidiyaa akkasumas sagaleewwan adda addaa haguggii miidiyaa akka argataniif waan barbaadnuuf jedhaniiru Dr Geetaachoon. Kana yoo jedhamus ammoo ni obsina jedhamee gabaasaalee kallattiidhaan hawaasa irraan miidhaa qaqqabsiisan callifnee hin ilaaallu jedhu Daarektarri kun. ''Ji'aan haala saayinsaawaa ta'een ragaa qabachuun galmeessinee midiyaaleef ni kennina. Akka tarkaanfii foyya'inaa taasisanifis gabaasa ni kenninaaf,'' jedhan. Kanaafis muraasni haala gaariin deebii kan kennan yoo ta'u, kaan ammoo kan morman jiraachuu himu. Haala akkasiin itti deemamee fooyya'insi kan hinmullannee yoo ta'e ammoo hanga hayyama haquutti kan deemamu ta'uufi kanaaf ammoo sardamuun barbaachisaa akka hintaane himu Dr Geetaachoon. Haaluma kanaanis dhaabbileen midiyaa xalayaan itti barraa'uufi qaamaan dhiyaachuun ibsa akka kennan kan taasifaman jiraachuus ni himu. Bakka haqni ragaa hin jirreti akka dhiifama gaafatan kan taasifamuufi kuni hojii guyyaa idileesaanii ta'u himu. Kanaan alattis, haala gabaasa dhimmoota mana murtiin qabaman irratti qajelfama qopheessaa jiraachuu himaniiru Dr Geetaachoon. Hanga ammaattis qaamni qabatamaadhaan gabaasa mana murtii irratti komii ragaan deeggarame dhiyeeffate akka hin jirres himan. Haala seera birodkaastii komiin baatii jaha keessatti yoo dhiyaate malee abbaan taayitichaa sagantaa miidiyaa tokko kuusee kaa'uuf dirqama hinqabaatu jedhaniiru. Kuni siriiyyuu biyyoota biraatti yeroo gabaabaaf qofa kan kuufamu ta'us ni himu. Akka Dr Getaachoon jedhaniitti, abbaan taayitaa kun raadiyoofi TV malee human qabiyyeewwan gabaasaalee onlaayinii ittiin to'atu hinqabu. Kanaafuu onlaayiniifi gaazeexaaf hayyama hinkennu. Abbaan taayitichaa kan hojjatu gaheewwan hojii Labsii 533/99 irratti kennameef qofaa ta'u dabaluun himan. Qabiyyeewwan odeessa intarneetii to'achuuf biyyattiin seera baaftee kan hinqabne yoo ta'u, abban taayitichaa Kanaan ala adeemu kan hindandeenye t'a'u himu. Tarii labsiin raga soobaa fi farra haasaa jibbaa kan amma manni maree irratti mari'ataa jiru wayita ragaassifameetti waajiraaleen kana to'achuuf aangoon kennamuf jiraachu akka danda'an himu Dr Getaachoon. Haalli kunis biyyoota garaa garaa keessatti haala adda addaatiin hojiirra kan oolu ta'u himu. Kanaafu gara tarkaanfii fudhachuutti adeemuun dura, biyyi keenyas adeemsa seeraa gama Kanaan hordofu barbaaddu dursa murteessuu qabdis jedhan. Seerri amma abbaan taayitaa ittiin hojjatu ALI kan bara 1999 keessa ragaasiifamee ta'u kan hima Dr Geetaachoon, seeroonni haala qabatamaa amma jiruu hunda hammachurratti hanqina qabaachu himu. Fakkeenyaaf hayyamni wayita kennamu raadiyoo ykn TV ta'usaa ilaaluun qofa malee isaan booda odeeffannoo gama kamiin dabarsitu kan jedhu hinjiru. ''Amma garuu seerri kun fooyyeeffamaa jiraas jedhan. Labsiin amma mana maree bakka bu'ootaatiin irratti mari'amaa jiru sun ragaasifameettis waliin ta'uun hojjachu dandeenya,'' jedhan. Walumaa galattis haala midiyaa biyyattii irratti abdii baayyeen qaba kan jedhan itti gaafatamaan kun, kaka'umsi gama motummaan mul'atu gaariidha jedha. ''Haa ta'u malee waan hundaa ni beekna, qabanneera, isaafis qophaa'oodha jechu miti,'' jedhan. Yaaddoon ammo gama midiyaalee gabaasa gara tokkoo qofaatti cinnlaaffatee gabaasan waliin wal qabateeti. Kanneen akka midiyaa qabsootti ofi ilaana jiruu jadhu. ''Nutis midiyaa qabsootiif hayyama kenninee hinbeeknu'' jedhan Dr Getaachuun. Hayyamni kennaa jiran gosa sadii kan qabu ta'u himuun, kunis midyaa hawaasaa, kan ummataafi kan daldlaati jedhan. Kanaafuu hayyama qabsoo kenninee hinbeeknu. Akka Dr Getaachon jedhanitti, midiyaale qaama tokko, kaayyoo siyaasa tokko, ilaalcha tokko qofaadhaaf abukaatoo ofi taasisuun dhaabbachuu barbaadan jiru. Hawaasnis amma midiyaalee akkasii adda baasaa waan dhufeef waljalaan badaa akka deemu danda'u abdii jedhu qabaachu himu. Midiyaalees tarkaanfiin gama motummaatiin osoo hineegaliin ofi ilaalu akka qabaniif waamicha taasiseera. Haaluma walfakkaatuunis gabaasa filannoo dhufaa ilaalchisuun qophiin taasifamaa jiraa himu. Fakkeenyaaf, gaazexessitoon haalaa gabaasa filannoorratti marsaa hedduun leenjii akka argatan tasifamaa jira jedhan. Kana malees qajelfamoonis qophaa'u himu Dr Getachoon.
oduu-52179861
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52179861
Koroonaavaayiras: Waa'ee meeshaa tibba Covid-19tti haalaan barbaadamu kanaa beektuu?
Meeshaan hargansuuf gargaaruu maaliif mootummoota addunyaa hamma kana isaan yaachise?
Meeshaan hargansuuf gargaaruu veentileetara jedhamu yeroo ammaa kanatti baay'ee barbaachisaadha. Meeshaa kanas Tiraampii hanga Moodii, Juuseepee Koontee hanga Roohaanii, Maakiroon hanga Maduuroo baay'ee barbaadu. Maaliif?Deebiinsaa gabaabaadha. Hargansuuf! Gama biraatiin biyyoonni veentileetarii gahaa hin qabne lammiileesaanii heddu dhabuu danda'u. Sababni isaas namni koronaavaayirasiidhaan qabame yoo dhukkubbichi itti hammaatu hundaa caalaa harganuu dadhaba waan ta'eefiidha. Veentileetariidhaan yoo hin deeggaramu yoo ta'e osoo dhukkubsataan fayyuu danda'u du'aa jechuudha. Meeshaan hargansuuf gargaaru kun akkamitti hojjataa? Veentileetariin sirna hargansuu qaama keenna bakka bu'uun maashinii hojjatuudha. Yeroo sombi keenya rakkoon mudatu veentileetarri kun jiraannaan abdii jiraachuu nutti horuu danda'a. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti dhukkubsatoonni COVID-19 %80 ta'an osoo yaalli walxaxaan hospitaalaa isaan hin barbaachisiini fayyuu danda'u. Ta'us garuu dhukkubsattoota jaha keessa dhukkubsataan tokko rakkoon harganuu isa mudata. Kunis kan ta'u vaayirasichi somba keenya waan miidhuuf.Yeroo kanatti veentileetarri hin jiru taanaan dhukkubsataa kana lubbuun baraaruun waan hin yaadamneedha. Veentileetariin gosa lamatu jira: Veentileetarri makaanikaalaa qilleensi afaaniin akka seenu godhamee dhukkubsataan Kaarboon daayoksaayidii akka baasuu fi Oksijiinii akka galchu kan taasisuudha. Veentileetarri ujummoo maleessi ( Non Invasive Ventilator) immoo ujummoo gara sombaa deemu kan hin qabne ta'us, waan afaaniifi funyaanirratti godhatamu qabaachuun kan hojjatudha. Veentileetaroonni kunneen kutaa jiidhiinsa uuman qabu. Kana jechuunis ho'iinsaafi jiidhinsa gara qaama keenyaa seenu to'achuun haalli ho'iinsaa qaama keenyaatiif mijataa akka ta'u kan taasisuudha. Yeroo kanatti dhukkubsattootaaf qorichi maashaan qaama sirna hargansuusaanii akka diriiru taasisu ni kennamaaf. Dhukkubsattoonni mallattoo COVID-19 giddu galeessa qaban garuu veentileetara ujummoo maleessi qofti kennamuufi danda'a. Kunis gama afaanii fi funyaaniin dhiibbaan qilleensaa gara sombaa akka seenu taasisa. Veentileetara akka koofiyaatti godhatamu Injiinaroonni yuunivarsiitii Landan gittootasaanii Maarseediisi Formulaa- 1 waliin ta'uun maashinii haaraa hargansuuf gargaruu hojjachuuf yaaliirra jiru. Omishni haaraa kun akka koofiyaatti kan godhatamu ta'ee guutuu fuula keenyaa kan dhoksudha. Dhukkubsattoota Xaaliyaanitti COVID-19 argaman %50 ta'an irratti yaalii taasifameen qilleensi afaan irraa gara sombaa seenu ujummoo biraa galchuun osoo hin barbaachisini meeshaa hargansuu haaraa kanaan harganuu danda'aniiru jedhameera. Meeshaaleen hargansuuf gargaaran hundisaanii gargaarsa ogeessaa malee du'a tasaa fiduu danda'u. Biyyoonni meeshaa hargansuuf gargaaran meeqasaanii barbaachisa? Meeshaalee hargansuuf garagaaran kan Tajaajjilli Fayyaa Biyyaalessaa Ingiliiz (NHS) yeroo ammaatti argaman 8175 qofa akka ta'e ifa taasifameera. Lakkoofsi kunis rakkoo amma dhufaa jiru waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqaadha. Yoo xiqqaate 30,000 ni barbaachisa. Lakkoofsa kana milkeessuufis dhaabbileen Ingiliiz heddu tataafachaa jiru. Ingiliiz qofatti osoo hin taane dhaabbilee omishaa biyyoota hedduu "gara omisha veentileetariitti seena!" jedhamaniiru. Hindii Hindiitti eega namoonni biiliyoona 1.3 manatti galaa jedhaman booda omishni veentileetarii haala dabaleera. Hindiyaa ummatashee biiliyoona 1.3'f meeshaan hargansuu gargaaru 48,000 qofadha. Kanneen keessaas isaan kamtu haalan akka hojjatan hin beekamu. Ameerikaa Dhaabbanni Kaalifoorniyaa meeshaaleen asiin duraa tajaajila dhaaban irra deebisee tajaajila akka kennan taasisuusaatiif jajamaa jira. Dabalataanis dhaabbanni Inarjii jedhamu veentileetaroota 170 kan haaromsee gara hojiitti kan galchu. Teeslaan gamasaattiin meeshaalee hargansuuf gargaaran 1255 dhaabbilee 3 irraa bituun bulchaa Niiw Yoorkiif kenneera. Niiw Yoork keessatti meeshaaleen hargansuuf gargaaran 30,000 ni barbaachisa. Dhaabbata konkolaataa omisha Teeslaa qofa osoo hin taane Jeneraal Mootarisii fi Foordis omisha veentileetariirratti boba'aniiru. Dhaabbanni 'Society of Critical Care' akka jedhetti Ameerikaan veentileetaroota hamma 960,000 ni barbaachisaan jedheera. Biyyoonni akka Itoophiyaa gama fayyaatiin fageenya dheeraa hin deemne rakkoon guddaan isaan mudata jedhamee yaadama. Sababni isaas dhukkubsattoota jaha keessaa lubbu dhukkubsataan tokko baraaruuf veentileetariin waan barbaachisuufidha. Biyyoonni baay'ee veentileetaroonni isaan qaban kan moofa'anii fi dhukkuba kanaaf kan hin madaalledha jedhamaara. Isaanis taanaan dhukkubsattoota dhukkuba biraatiin yaalarra jiraniif tajaajila kennaa jiru. Baayi'inni ummataa Maalii miiliyoona 20 yoo ta'u baayi'inni veentileetarii biyyattiin qabdu garuu 56 qofadha.
oduu-49590187
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49590187
Mudoo fedhii saalquunnamtii : 'Fedhiin saalquunnamtii maal akka ta'e hin beeku'
"Akkuma nama biraatti jiraachuu nan danda'a, akkuma nama miiraa saalquunnamtii qabuu."
Shamarreen lammii Chaayinaa Diane Xie jedhamtu fedhii saalquunnamtii dhabuusheetti homaa hin dhiphattu. Nama biraa waliin fedhii saalquunnamtii raawwachuus hin yaaddu. "Fedhiin saalquunnamtii maal akka ta'e waanan hin beekneef homaa na hin dhiphisu''jette. "Akkan yaadutti walquunnamtii saalaa irraa bilisa ta'uun waan dansaadha, quunnamtii saalaa raawwachuun anaaf homaa hiikas bu'aas hin qabu." Chaayinaa keessatti namoonni fedhii saalquunnamtii qaban lakkoosaan meeqa akka ta'an beekamuu baatullee ,Pirofeesarri Xiinsammuu lammii Kanaadaa Anthony Bogaert uummata UK keessaa dhibbeentaan 1 miira saalquunnamtii hin qaban jedha. Chaayinaa keessatti tilmaamaan namoonni miiliyoona 10.8 ta'an fedhiii quunnamtii saalaa hin qaban, isaan keessaa miiliyoona 1.08 kan ta'an umurii 20 gadi warra jiraniidha. Chaayinaa keessatti namoonni miira saalquunnamtii hin qabnu yeroo baay'ee interneetii fayyadamuudhaan beekamu, mariiwwan ineterneetiidhaan geggeeffaman 'online forum' irratti adda durummaan hiirmaatu. Hedduun isaanii muuxannoo waliif qoodu, inumaa jechoota mataasaanii uummatanii ittiin fayyadamu. Namoonni miira saalquunnamtii hin qabne namoota akkamiiti? Magaalaa Shanghai kan jiraattu Diane fi dubartoota Chaayinaa biroo kanneen fedhii saalquunnamtii malee jiraataniif kun filannoo miira saalquunnamtiiti. Kun kan amantiidhaan abboomamuudhaan fuudha ykn heeruma dhiisaniin tokko miti. Umuriin ishee waggaa digdama gara jalqabaa kan ta'e Dianen Hong Kong, UK fi Nezerlaandis keessatti baratteetti. Yuuniversitii yeroo turtetti lammii Dutch tokko waliin hariiroo jaalalaa eegalanii turan, isheen garuu fedhii saalquunnamtii gonkumaa akka hin qabne yerosuma adda baaste. Battala sanarraa eegaltee fedhii saalquunnamtii dhabuusheetti baay'ee dhiphatti, jaalala mi'eeffattee utuu jirtuu saalquunnamtii raawwachuuf waanti ishee daangesse maal akka ta'e interneetii ykn online irra barbaaduu eegalte. Wayita kana garee namoota fedhii saalquunnamtii hin qabnee kan intarneetiidhaan waliin mari'atan, garee AVEN, jedhamutti baate. Erga hiikaa jecha 'namoota fedhii saalquunnamtii hin qabnee' ykn 'asexual' dubbistee booda, akkas ta'uushee barte. "Shamarreen naannawa kiyya jiran hundi waa'ee jaalalaa, hiriyaa dhiiraa ykn dhirsaa dubbatu, ani sana keessa hin jiru'' jette. Fedhii saalquunnamtii dhabuun ishee maatii isheetti yaaddoo guddaa akka uume dubbatti Dianen. Akka aadaa Chaayinaatti maatiin ulfina guddaadha. Maatiin ishee intallisaanii dhala malee hafti jechuun akka yaadda'an dubbatteetti. Dhiibbaa gaaraa Imaammata walhormaataa 'maatiin tokko daa'ima tokko ' jedhuun kan beekamtu Chaayinaan erga hanqinni baay'ina uummataa ishee quunnamee as namni hunduu yeroodhaan gaa'ila godhatee akka ijoollee horu ajajjeettii. Bara 1970oota keessa Chaayinaa keessatti daa'imni yoo dubara taate ulfa baasaa turan, wayita sanarraa ka'ee baay'inni dhiirotaa dbaaleera. kanaafuu biyyattii keessatti dhiirri shamarree fuuchuuf akka fedhetti hin argatu jechuudha. ''Maatii kiyyatti himuuf yeroo baay'ee yaaleera. Dhumarratti harmeen koo na hubatteetti. Gaa'ila na hin gammachiisnetti na oofuu hin barbaaddu. Abbaan kiyya garuu rincicaadha. Ejjennoosaa jijjiiruu hin barbaadu. Yoo dargaggeessatti siqxee hariiroo uummatte fedhii saalquunnamtii ni godhatta naan jedha'' jetti Dianen.
oduu-47671396
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47671396
Balaa Xiyyaara ET302: Dhuguma leenjiin paayilatootaa balaa sana waliin walqabataa?
Xiyyaarri Boeing 737 Max 8 daandiiwwan xiyyaaraa akka Daandii Xiyyaara Itoophiyaa gurguddoo ta'an gofti kan qabaachuu danda'an xiyyaara baayyee ammayaa ta'edha. Haata'u malee, xiyyaarichi sababii ifatti hin beekamneen balaan baayyee hamaa lama erga isa mudateen booda tajaajilaan ala akka ta'u taasifameera.
Ji'a Onkoloolessaa darbe kan Daandii Xiyyaaraa Indoneeshiyaa Laayen ta'e xiyyaarri walfakkaatu balali'uuf ka'ee daqiiqaawwaniin booda galaana irratti kufee caccabuu isaatiin lubbuun namoota 189 dhumee ture. Erga balaan kun qaqqabee baatii shanii booda balaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa itti aanee uumamuun Industirii Aveeshinii Addunyaa sadarkaa kanaan dura ta'ee hin beekneen raaseera. Balaan kun erga qaqqabee booda saanduuqni odeeffannoo balali'insa xiyyaaraa galmeessu qabate gara Firaansitti ergamee ture odeeffannoon qabatee ture haala gaariidhaan garagalfamee qorannoon akka irratti gaggeeffamaa jiru dhaabbanni qoranicha gaggeessaa jiru BEA jedhamu odeeffannoo yeroodhaaf argate Biiroo Qorannoo Balaa Itoophiyaatiif kennuun isaa gabaafameera. Kana waliin walqabatee Ministirri Geejjiba Itoophiyaa ibsa kennaniin balaawwan xiyyaara Itoophiyaafi Indoneeshiyaa qaqqabe gidduu "walfakkeenya ifa ta'e" akka jiru mullisaniiru. Akkaataa xiyyaaronni kunneen itti hojjetaman, erga balali'uudhaaf ka'anii daqiiqaawwan murasaa booda balaan qaqqabuun, akkaataan ittiin kufaniifi rakkoon waliigalaa isaan mudateera jedhame baayyisee kan walfakkaatu ta'uu isaa yeroo ilaalamu balaawwan hamoo qaqqabaniif rakkoo paayiletootaa osoo hin taane omisha xiyyaarri haaraa kun akka itti hojjetame rakkoon tekinikaa akka mudachuun hin oolle kan agarsiisu qaba. Keessattuu Abbaan Taayitaa To'annaa Aveeshinii Ameerikaa (FAA) adeemsa sadarkaafi qulqullina omishtoota Boeing to'achuufi mirkaneessuu irratti aangoofi itti-gaafatamummaa seeraan itti kenname ba'achuu dhiisuun Boeing tiif dabarsee kennuun isaa addunyaa rifaachiiseera ture. Rakkoo humni maallaqaa koo xiqqaachaa dhufuu na mudateen kampaaniin xiyyaaricha omishu ofuma isaatiin ga'umsa xiyyaarota haarawaa omishanii gariidhaan akka ofuma isaanii mirkaneeffatan taasiseera jedhees amaneera. Abbaan Taayitichaa qabaasa qorannoo torban darbe Siyaatil Taayimsiif kenne irratti yaada dubbatedha. Kanaafidha biyyoonni xiyyaara Boeing 737 Max qaban hanga rakkoo xiyyaarri kun qabu qoratamee furmaata argatutti balali'insaan ala kan taasisaniif. Biyyi xiyyaara kana omishtu Ameerikaan hahhama akka xiyyaarichi tajaajila irrra ooluuf kennam ilaalchisee qorannoon akka gaggeeffamu ajajjeetti. Kun kanaan osoo jiruu garuu miidiyaaleen idil-addunyaa gara garaa paayileetiin Daandii Xiyyaara Itoophiyaa leenjii dabalataa xiyyaara kana oofuuf barbaachisu akka hin fudhanne heeruudhaan gabaasni dhiyeessan qaamota adda addaa irraa dheekkamsaafi mormii kaasiseera. Gabaasni jedhame sun odeeffannoo madda Daandii Xiyyaarichaatti dhiyoodha jedhame nama akka maqaan isaa hin heeramne barbaadurraan argadhe jedhuun, paayileetiin balaan kun qaqqabe xiyyaara kanaaf ni barbaachisa kan jedhame leenjii balaliisaa fakkeessuudhaan (simulator) fayyadamuun shaakaluun taasifamu hin fudhanne jedheera. Shaakala kana akka taasisuufis sagantaan kan qabameef ture dhuma baatii kanaa irratti jedha gabaasichi. Kana waliin walqabatee keessattuu gama lammilee Itoophiyatiin gabaasichi kan Boeing oolchuudhaaf shira xaxamedha jechuudhaan mormiin irratti dhiyaataa jira. Keessumaa gaazexaan Niiwu Yoork Taayimsi jedhamu gabaasa kana erga miidiyaaleen toora interneetiitiin gadi dhiisee booda dubbistoonni kumaatamaan lakkaa'aman gabaasicha hadheeffatanii qeeqaniiru. Gabaasichi rakkoo tekinikaa bu'uuraa duubatti dhiisuudhaan paayiletootatti qabachuun Boeing tiin oolchuudhaaf hojii qaanii akka ta'etti kan lakkaa'an xiqqoo miti. Hoji-gaggeessaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Tawaldee Waldemaariyaam bakka balaan itti qaqqabetti Leenjii balaliisaa fakkeessuu (simulator) fi balaa qaqqabe maaltu walqunnamsiisee? Gabaasni Niiwu Yoork Taayimsi Kaappteenonni Boeing 737 irratti muuxannoo ga'aa qaban Max 8 kan jedhamu xiyyaara ammayaa balaliissuudhaaf shaakala muraasa qofaa akka isaan barbaachisu heeree jira.Haata'u malee, Boeing ta'us waajiraaleen to'atan Max 8 balaliisisuuf leenjiin balaliisaa fakkeessuu (simulator) akka dirqama ta'etti hin keenye. Paayileetonni Ameerikaa xiyaara kana balaliisisan hedduun isaanii 737 irraa gara Max 8 balaliisisuutti kan ce'an leenjii saatii tokkoo Ayipaadiidhaan fudhachuudhaan. Kun kana ta'ee osoo jiruu maaliif dhimmi leenjii balaliisisuu fakkeessuu (simulator) akka ol ka'ee dhaga'amu kan barbaadameef namoota hedduu biratti kan bita galedha. Xiyyaarota ammayaa hedduu kampaanii Boeing tiin hojjetame heddu kan qabu Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gabaasicha "dogoggoraafi kan jallate" ta'uu isaa ibsa baaseen mul'iseera. Itti dabaluudhaanis, Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa balaliisitoonni Boeing 737 Max 8 karaa omishaan xiyaarichaa baaseefi Abbaa Taayitaa Daandii Xiyyaaraa Ameerikaatiin fudhatama qabuun leenjii barbaachisu fudhachuu mirkaneesseera. Dhimmoota Aveeshinii irratti gabaasaa kan ta'e Qaaleyesuus Baqqalaa, "daandiiwwan xiyyaaraa Ameerikaa xiyaara Boeing 737 Max 8 balaliisisan hedduun isaanii shaakala balalii fakkeessuu (simulator) hin qaban. Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa garuu abbaa qabeenyaa meeshaa ammayaa leenjii kanaaf barbaachisuti, " jedha. Meeshaaleen balaliin fakkeessuu (simulator) kun gatii hedduu kan baasisu ta'us Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa moodeela leenjiiwwan kanaa aadaa dursee bitachuu akka qabu hedduun dhugaa ba'uuf. Qaaleyesuus akka jedhutti Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa Max 8 balalii fakkeessuu (simulator) fayyadamee leenjii kennuu kan jalqabe ji'a Amajjii asitti yommuu ta'u paayiletoonnis ji'a jaha jahaan shaakala ni taasisu. Shaakala kanatti aansuudhaanis qormaata fudhatu. Kun Daandii Xiyyaara Itoophiyaatiif waan haaraa miti. Dabalataanis yeroo 737 800 N G (New Generation) kan jedhamu irraa gara xiyyaara Max 8 titti yeroo deemamu garaa garummaan isaanii muraasa waan ta'eef paayiletoonni garaa garummaa sana akka fudhatan Boeing akka gorsa kennu kan himu Qaaleyesuus, "Leenjii kana ammoo paayileetiin balaan qaqqabe fudhateera," jechuun dubbata. Haata'u malee garuu, Boeing 737 Max omisha isa dura hojjetame kanneen duraan balaliisaa turan balalii fakkeessuun (simulator) fayyadamuun ta'uu baatus leenjii salphaadhaan qaawwa duuchaachuu ni danda'u. "Kan kana jedhu ammoo kampaanii xiyyaaricha omishu Boein ofuma isaati. Osoo Boeing kana hin jenne ta'e shaakala kan hin taasifne hunduu Max balaliisisuu hin danda'an ture," jedha Qaaleyesuus. Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa ibsa baaseen akka agarsiisettis, erga balaan xiyyaaraa Indoneeshiyaa qaqqabees paayileetonni qajeelfamoota dabalataa akka beekuu qaban taasisuu isaa heeree qabiyyeen qajeelfama sanaas guutuufi guutummaaatti moojulii leenjii, ibsa qajeelfamaopereeshinii akkasumas qajeelfama hojii guyyaa guyyaa keessa akka galu taasifameera jedheera. Balaan Daandii Xiyyaara Itoophiyaa irraerga ga'een booda nageenyi xiyyaara Boeing 737 Max 8 gaaffii keessa galera. Dhaabbatichis rakkoo isa qaqqabe kana darbuudhaaf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachaa akka jiru beeksisaa jiraatus yeroo torban lama ta'uuf mataadhuma isaa irraa bu'uu hin dandeenye. Sababiii balaa kanaa gadi fageenyaan argachuudhaaf Firaansitti kan eegalame xumuramuun kan irra jiru yommuu ta'u kunis yeroo baatii ja'aa ol akka gaafatu ogeessonni beeksisaniiru. Osoo bu'aan qorannoo kanaa hin ba'iin garuu sababa balaa kanaa tilmaama kennuun seera Aveeshiniin hayyama hin qabu. Sana ta'ees kmpaanonni eenyummaa isaaniitti rakkoo dhufe kana jala ba'uudhaaf karaa harka duubaatiin duuula miidiyaa banuun isaanii kan eegamudha. Qaaleyesuus akka jedhutti maqaafi gurra ofii eeggachuuf jecha, "Kan dhugaa fakkaatan ykn hanga tokko dhugaa kan of keessaa qaban garuu ammoo odeeffannoowan burjaajessan yeroo itti aanan keessas ba'uun isaanii hin oolu. Waanti guddaan garuu waanti cabe jiramoo hin jruudha? Kanaanis daandiiwwan xiyyaaraa qajeelfama Boeing yoo diigan Boeing ofuma isaayyu hin callisu," jedha. Balaa Daandiin Xiyyaara Itoophiyaafi hojjetoonni isaa ilaalchisee odeeffannoowwan dogogoraa bahan akka isaan gaddisiise ibsee, "qorannoon isaa sirnaafi seera qorannoo balaa idil-addunyaa hordofuun waan irra jiraatuuf bu'aa qorannichaa obsaan eeggachaa" akka jiru heeruun dhiibbileen sabaa himaalee waa'ee ka'umsa balaa kanaa sababiiwwan tilmaama ka'umsa godhatan kennuun odeeffannoo dogogoraa akka hin dhiyeessineef gaafateera.
oduu-55723052
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55723052
Buufataaleen niwukilaraa Iraan ammallee maaliif haleellaaf saaxilamoo tahan?
Barri bulchiinsaa Tiraamp xumura argate, miira haara galfii Iraan keessatti uumeera.
Kanneen biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran muraasni garuu guyyaan aangoo pirezedantummaa isaanii goolabamuutti dhiyaatu, Tiraamp Iraanirratti dhiibbaa gama imaammataan hammeessanii, buufataalee niwukilaraafi iddoowwan biroos haleeluu malu jedhanii sodaataa turan. Gabaasni Waashingtan keessa ji’oota muraasa dura bahe akka akeekutti, Tiraamp gorsitootasaanii wajjin mariyachuun dura tarkaanfii waraanaa irratti fudhachuuf akka filannootti qabataa turan. Faallaa kana pirezedantiin haaraa filataman Joo Baayideen immoo waliigaltee dhimma niwukilaaraa bara 2015 Iraan wajjin turetti Ameerikaan akka deebitu ifoomsaniiru. Baayideen qoqqobbii Iraan irraa kaasuun, maallaqni biyyattiif akka hin kennamne dhorkamee ture akka gadhiifamu kan taasisuudha jechuudha. Kanaafuu Iraan haleelamuurraa bilisaa taatetti? Lakkii bilisa miti, Israa’el sagantaa niwukilara biyyattiin tajaajila nagaaf oolchitu otoo hin taane, misaayila Iraan hidhatteerraa yaaddoo qabaachuu ibsite. Kamisa darbe Ministirri Ittisaa Israa’el Biin Gaantiz, sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraan ilaachisuun yaada kennaniin ‘tarkaanfii waraanaa irratti fudhachuu akka filannootti qabachuu qabna’ jedhan. ‘’Kunis qabeenyaafi inveestimentii barbaada, kun akka raawwatuuf irratti hojjachaan jira jedhan,’’ Iraan biyya Israa’el akka diinaatti labsitedha. Kanaafuu, Israa’el biyyattiin boombii niwukilaaraa gabbisuun biyyasheef yaaddoo ta’uu ibsuun, biyyoonni addunyaa otoo hin fagaatiin gabbisa niwukilara biyyatti dhaabsisuu qabu jetti. Biyyi Iraan garuu sagantaan gabbisa niwukirara biyyattii nageenyaaf qofa ta’u ibsuun, dhiyeenyattimmoo yuuraaniyeemii gabbisuu cimsitee itti fufteetti. Gabbisni kun garuu waliigaltee bara 2015 wajjin wal faalleessa. Bara 1981 Israa’el pirezidantiin duraanii Iraaq Saadaam Huseen, boombii niwukilaaraa dandeettii argachuutti dhiyaachaa jiraachuu shakkuun haleeltee turte. Tarkaanfii waraanaa Baabiloon Oppireeshiin jedhamuun, xiyyaarota F15 fi F16 gargaaramuun buufata niwukilaaraa Osiraaq barbaadeessuun ni yaadatama. Waggoota 27 boodas bifuma walfakkaatuun bara 2007 Siriyaatti haleellaa raawwachuun buufata gabbisa piluutoniyeemi dhoksaan gammoojjiin Deyir al-Zooyir cinatti ijaarame otoo hojiin hin eegaliin barbadeessitetti. Kan dhokatee jiru Haata’u malee, Iraan haleeluun akka duranitti itti hin salphatu. Sababii fageenyaa, ittisa farreen xiyyaaroota fi iddoo itti argamuuf itti sima jedhame. Israa'el otoo Ameerikaan ittii hin hirmaatiin haleellaa xiyyaara milkaa’aa raawwachuun shakkisiisaadha. Suuraa saatalaayita irraa kaafame Iraan buufataalee niwukilaaraa ishiitti Ameerikaa, Israa’elifi biyyoonni naannoo galoo ganaanaa yaaddoo akka hin uumne lafa jalaatti awwaaluuf maallaqa guddaa baasteetti. Muraasni isaanii tulluuwwan jalatti dhofkamanii awwalamaniiru. Biyyattiin haleellaa irratti qaqqabuu maluuf yeroo dheeraa qophaa’aa turte. Taatullee, gabbisni niwukilaaraa biyyattiin lafa jalatti awwaalte kallattii sadiin ammas haleellamuurra bilisa miti. Haleellaa kallattiin Ogeessii to’annoo meeshaalee waraanaa Maark Fitizpaatirik, gabbisni niwukilara biyyattii ‘haleellaaf iddoo hin saaxilamnetti hin argamu’ jedhan. Biyyattiin garuu misaayiloota Bavar 373 fi misaayilota Raashiyaa xiyyaarota fageenya KM 300 irratti akeekkatanii rukutan S-300 qabaachuutu himama. Haleellaa namaan Ejensiin basaasaa Israa’el Mosaad Iraan keessatti neetiwoorkii basaasaa adda ta’e uumuuf hojjateera. Yeroo saayintistiin waraana biyyattii Birgader Jeneraal Mohsiin Fakirizadiin daandii Teheeraanirraa eegamaa, daandii gubbaa imalaa ture namoonni haleellaa irraan gahan gara itti imaluu fi yeroo inni deemullee ni beeku ture. Fakirizadiin abbaa gabbisa niwukilaaraa Iraan jedhamanii nama beekaman turani. Yeroo ajjeefameetti Israa’el haleellaa sana duuba jiraachuu ifatti hin qeeqne turte. Bara 2010-2012 gidduutti garuu saayintistoonni niwukilaaraa Iraan afur biyyasaanii keessatti ajjeefamaniiiru. Ajjeeeffamuusaanii Israa’el hin mirkaneessitus, ajjeechaa kana keessatti qooda qabachuus hin haaltu turte. Haleellaa Saayibarii Waraanni hin labsamne Iraan fi biyyoota gartuu tokko kannneen akka Ameerikaa, Israa’el fi Sa’udii gidduutti gaggeeffamutti jira. Bara 2010 mosaajiin ‘Stuxnet’ kompiyuutarri gabbisaa yuuraniimii buufata Naantaaz to’atu tokko haleelamee ture. Haleellaa kana duuba Israa’el jiraachuun gabaafamaa turullee, mosaajiicha ogeyyii Israa’el fi Ameerikaatu walta’iinsaan kalaqe ture. Iraan otoo hin turiin neetiwoorkii oomisha boba’aa Sa’udii mosaajii biraan haleeluun, kompiyutaroota 30,000 caalan cufuun, oomisha boba’aa biyyattii yaaddoo keessa buuftee turte.
oduu-50909704
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50909704
Dhala namaa Maarsirra qubachiisuun akkamin danda'ama?
Dhalli namaa bakkawwan baay'ee fagoo ta'an gara akka Maarsiitti walitti fufinsaan imaluuf motoraa haaraa barbaada.
Kanaafuu, Injinaroonni teeknolojii sirna soolarii keessa yeroo gabaabaatti imaluuf fayyadu kalaqaa jiru. Sababiin isaas karaa orbiitii Maaarsiif lafti irra biiftuutti marsan gargari, Km mil 54.6 hanga Km miliyoona 401 ta'u addaan fagaata. Ergamni gara Maarsiitti imaluus kan raawwatamu waqtii pilaanetonni lamaan walitti dhiyaatanirratti hunda'aa. Wayita walitti dhiyaatan kanayyuu Rookkettiwwan keemikalaa balali'an(chemical rockets) fayyadamuun Maarsiirra qaqqabuuf ji'oota sagal fudhata. Akkaataa Rookkeettin ammaatti furguggifamaniin, dhalli nama gara pilaanetii diimtuu kanatti imaluuf yeroo dheeraadha fudhata. Ergama abuurraa kana milkeessuudhaaf ogeeyyiin teeknolojii abdachiisoodha jedhaman irratti yaada dhiyeessaa jiru. Tooftaan jalqabaa ,Rookkeettiwwan sirna annisaa tarminaala gara annisaa eliktirikiitti geeddaraniif fageenya dheera imaluu danda'an fayyadamu akka filannootti ogeeyyin yaada dhiyeessan jiru. Kaan isaanimmoo annisaa aduu gara anniisaa elektirikaatti motoraa jijjiruu danda'an fayyadamuutu caala ogeeyyiin jedhan jiru. Injinaroonni dhaabbata qo'annoo hawaa Ameerikaa tooftaa durii caala saffisaa ta'e uumuuf indastiriiwwan dhimmicha tumsan wajjiin hojjachaa jirraa jedhaniiru. Teeknolojii abdataman keessaa rokkeettiin anniisaa elektirikaa soolariirraa argataniin furguggifaman fayyadamuu akka filannoo jalqabaatti dhiyaate. Teeknolojii kanaan dhala namaa garasitti erguurraa meeshaalee fe'uun gara Maarsiitti dhala nama dursanii erguun yaadameera. Daarektarrii Ergama Teeknolojii hawaa Dhaabbata qo'annoo hawaa NASA Jeef Sheey waan astironeetii garasitti imaluuf barbaachisan dhiyeessuuf akka fayyadu kaasani. waan barbaannu fe'annee garasitti imaluun garuu tarii imala waggoota 2.5 gaafatudha' jedhan Dr. Sheey wayita BBCtti himan. 'Bu'aan argamu kan barbaade haa ta'u malee, gara Maarsiitti imala ji'ootan yeroo lakka'aaman gaafatu kanarraa hafu kan dandeenyu meeshaa waan barbaannu feetee geessitu yoo qabanne' jedhan. Dhaabbanni 'Aerojet Rocketdyne' ergama kana milkeessuuf hojjata akka jirutu himame. Hoji-gaggeessaan Dhaabbatichaa, teeknolojiin kun saatalaayitoota odeeffannoo sassaabuuf oolanirratti hojiirraa duraanu oolu kaasuun isuma ol guddifna jedhan. Anniisaa saatalayitoonni amma qaban 10-15kW (kilowatts) gara 50kW tti ol guddisuun akka barbaachisullee dubbataniiru. Anniisaa soolariitiin meeshaan dalaguu danda'aa jedhamu kun akka filannootti ilaaaluun akka danda'uu kaasuun,anniisaa fayyadamtu ol guddisuurratti rakkoleen mul'atan jiraachuus ibsaniiru. Rakkoolee teeknolojiin kun qabu garuu furamnaan filannoo gaarii ta'uu danda'aa jedhu. Astiroonetonni malli 'thermal propulsion' jedhamu fayyadamuun carallaa hamaa nu saaxilaa jedhanii yaadda'u Kaampaniin Booying mala nuclear thermal propulsion jedhamu fayyadamuuf fedha hin qabu Garuu yaaddoon jalqaba, Fayyaa qorattoota meeshaa kanaan imalanii balaarra buusa sodaa jedhu uumuusaati. Yaadni biraammoo electric ion propulsion jedhanii waamu. Rokkeettiwwan akkasi fayyadamuun anniisaa uumamuun fageenya dheera samii keessa imaluuf itti gargaaru yaada jedhu ogeeyyin dhiyeessanis jiru. Tooftaan kana saatalaayitoonni durumaanu fayyadamaniiru . Haata'u malee, guulli uumuu danda'an xiqqaadha. Yeroon yoo kennameef garuu saffisa olaanaarra qaqqabuu danda'uu jedhameetu abdatama. Annisaan karaa garaagaraa maddisiifama. Ta'us, dhala namaa gara Maarsiitti erguuf gareen qo'annoo anniisaa niwukilaaraan maddiisiifamutti fayyadamu barbaadu. Astiroonetii NASA duraanii Firaankilin Chaang Diyaaz Astiroonootii NASA duraanii Firaankilin Chaang Diyaaz gara Pilaaniitii diimtu(Maarsiitti)imaluun akka addeessarra qubachuu sanatti salphaa mitii jedhe. Falli barbaachisu garuu saffisaan dhaquu danda'uudha jedhe Diyaaz. Xiyyaarri samii Meetirik toonii 400-600 ulfaatu, anniisaa meegaa Waattii 200 qabuun waggoota 39tti ji'arra qubachuu danda'a jedha. Chaang Diyaaz injiiniin ammatti 10MW gabaarratti barbaadaman yoo fooyyeeffaman malee jedhu. Kaampaniin 'Lockheed Martin teeknolojiin 'Vasimr' rokkeettiwwan annisaa elektirikaa aduurraa madduun furguguggifaman( solar electric propulsion)abdachiisoo akka ta'an ibseera. teeknolojiin haaraan kun hawwataa ta'ullee qorannoo hawaa keessatti qooda kanneen qaban kaampaanii Booying fi 'Lockheed Martin' keemikaalli dhangala'aan dhala nama gara Maarsitti erguuf akka barbaachisu himu. Dhaaabbanni 'Lockheed Martin', duraanu teeknolojiin gara Maarsiitti imaluuf nu fayyadu jira jedha. Teeknoloojiin rookkeetti keemIkaalaa ergama Appolorratti hojiirra oolfamee argineerra jedhu. Sirna Rokkeetti Oriyoon duraanii kan jalqabsiise Sichaan namni jedhamu,' Duraanuu teeknolojii Maarsiirra nu qubsiisu qabnaa' jedhan. 'Rakkooleen muraaasni jiruu garuu teeknolojii qabnu, ijaarruufi muuxannoo samii iddoo haalaan gadi fagoo keessaa balali'uu horanne irratti caalatti hojjachuun hojii manee fuuldura keenyatti hafe, Akkasumallee teeknolojiin jabeeffamu fuulduraaf bu'uura ta'uu danda'aa' jedhan. Teeknolojiin sadarkaa jalqabaa Haayidiroojinii-Oksijiinii fayyadamuu bara 1960 irraa jalqabee hojiirraa ooluun milka'uusaas dubbatan. NASA'n rokkeetti furguggisu Haadiroojinii dhangala'aa afurii fi Oksijiinii injinii rokkeetti RS-25 akka barbaachisu ispeeshalistiin rokkeetti furgurgisuu dhaabbata Booying Roob Birooriin BBC tti himaniiru. Ogeessii kun injiiniin rokkeetti kun amansiisaa ta'uudha dubbatu. Teeknolojii amansiisa ta'uun isaa mirkana'e qabachuunimmoo ofitti amanamuummaa guddaa akka qabattuuf si fayyada,Teeknolojii haaraan kun waraqaarratti wayita barreeeffamu gaarii fakkaata, hojiitti hiikuun wayita eegalamu immoo dhimma duubatti si harkisanirratti xiyyeeffatta' jedhu ogeessi kuni. Maarsiirra qubachuu dandeenyaa? Qo'annoon Jaaarmiyaan qorannoo imaammata Saayiinsiif Teeknoloojii dhiyeenya baase akka agarsiisutti, ergamni dhala nama Maarsii qubsiisuuf dhaabbanni qo'annoo hawaa Ameerikaa NASA'n karoorri baase bara 2033 eegaluuf jira. NASA'n bara 2024 dhala nama deebise ji'a qubsiisuuf karoorsera Bajatni dhaabbata qo'annoo Hawaa Ameerikaaf ramadamuu garuu yeroo karoorfametti ji'arra qubachuuf ergama karoorfametti gufuu ta'uu akka hin hafne Jaaarmiyaan qorannoo imaammata Saayiinsiif Teeknoloojii kun ibseera. Kanarraa ka'uudhaan jaarmiyaan qo'annnoo kun yeroon dhalli namaa ergama qo'annoo gara Maarsiitti imalu bara 2039 darbuu akka danda'u ibseera. Waayit Haas garuu akka jedhutti, bara 2024 tti dhaabbatichi ji'a abuuruuf karoorri qabate yeroo qabameefitti akka raawwatamu beeksise. Dr. Paahol Dimotakis Pirofeessarri kalaqa xiyyaaraa samiifi appilayiid Fiiziksii jaarmiyaa teeknoloojii Kaalifoorniyaa akka jedhanitti, teeknolojii kanarrattis ta'ee rookkeetti keemikaalaatti fayyadaman furguggisuurratti yaada dhiyaaterratti shakki qabu. yaadichitti salphaatti amanaa hin jiran. 'Akkamitti keemikaalaa amma gahaa ta'etti fayyadamuun fageenya dheeraa imaluun akka danda'amurratti anis deebii hin arganne, Rokkeettin Haayidiroojiin Oksijiiniidhaan imaltu ji'oota 6 caala turuu danda'uun hin beekamne' 'Fala teekninikaa dhimma hundumaa furuu dnda'uus hin qabnu, Dabalataanimmoo,namni qabatamaan dhugaan akkasii jiraachusaa mul'isu otoo dhala namaa gara Maarsiitti hin ergiin jiraachuu qaba,Dhimmoonni kunneen ammas yeroo NASA dhaaf qabameefin wal hin simu' jedhan, Dr. Paahol Dimotakis Pirofeessarri kalaqa xiyyaara balalii fi appilayiid Fiiziksii jaarmiyaa teeknoloojii Kaalifoorniyaa
oduu-48484883
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48484883
Maqaa sobaan warri jaalallee barbaadatan saaxilamuuf
Appiin ammayyaa jaalalleewwan walitti fiduuf tajaajilan baayataa jiru.
Namoonni dhugaadhumatti hirriyaa barbaacha appiiwwaan kanneenitti fayyadaman akkuma jiranuu, kanneen appii kanaan yakka raawwatan hin dhabamne. Tokko tokkoos eenyuummaasaanii dhoksu. Kanneen appichatti fayyadamuun namoota maallaqa irraa nyaatanis baayyeedha. Haata'u malee, teknooloojiin namoota akkasii adda baasuu kalaqamuu dhagahameera. Appichi suuraa, ragaa dhuunfaa fi eergaawwan dadabarfaman walitti qabuun adda baasa. Ragaalee dhuunfaa fayyadamtoonni kan akka umurii, saalaa fi saba akkasumas afaan isaan fayyadamanii walitti qabuun qulqulleessa. Qorannichi akka adda baaseetti gama sobdoota teknolojii adda baasuutiin % 93n sirriidha. Waggoota darbe keessa qofa lammiilee Inglizii Yuuroo miliyoona 50 sobaan dhabaniiru. Isaan keessaayis kanneen parsantaa 63 ta'an dubartoota ta'usaanii qorannichi ifa taasiseera. Akkasumas appii jaallalleewwan waliitti fiduuf fayyadamuun namoota eenyummaasaanii soban parsantaa 60 kan ta'an dhiiroota umuriisaanii waggaa 50 oliiti jedhameera. Namoonni appicharratti eenyummaa soobaa guutanis suuraawwan hedduu maxxansuun beekamu. Kana malees ani 'nama jaalalaa fi kunuunsa kennu' jechuun ofi ibsuu. Teknoolojii haaraa kalaqame kunis kan kalaqamee oggeessota biyya Ingilizii, Ameerikaa fi Awustiraaliyaa irra walitti babahaniin. Fayyadamtoonni biraas fayyadamtoota keessaa eenyu dhugaa, kam ammoo sobduu akka ta'an akka adda baasaniif akeekachiisa kennuuf yaadameera. Jaalallee argachuuf qotiyyoo waliin wallansoo ni qabattuu? Teknolojiin kunis kanneen biraatiin wali biratti yoo ilaalmu sobdoota adda baasuuf caalaa cimaa ta'usaa oggeessoon damee kanaa kunneen himaniiru. Akkasumas ''Nuti kan xiyyeeffannu daataa haasawa jaalallee sobaan gaggeeffamu bal'aa xinxaluun, tarkaanffii fudhachuu odeeffannoo gaaffachuu fi sochiilee gocha sobarratti hundaa'ee ittisuurratti'' jedhu oggeessoonni.
oduu-46699386
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46699386
Ajajaa WBO Zoonii Lixaa Marroo: 'Walitti bu'insi gama lachuunu bu'aan argamsiisu tokkollee hin jiru'
Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa waliin waliigaltee yeroo raawwatu biyyattiifis tahe naannoo Oromiyaa tasgabbeessuuf akka tarkaanfii guddaatti ilaalamuus waanti yaadame garuu tahaa hin jiru.
Irra-deddeebbiin wal himachuu, waligalteen taasifame ifa tahu dhabuufi ajjeechaan bakkaa bakkatti dhalatu nageenya ummataa jeeqaa jira. Erga MM Abiy Ahimad aangoo qabatani bakkeewwan naannoo Oromiyaa kamuu caalaa kara Lixa biyyattii nageenyi dhibeera. Aanga'oonni mootummaa rakkoo kanaaf waraana ABO lixa buufatee jiru himatu. Erga ABO'n Finfinneetti deebi'e as gama Lixa biyyattiin maqaan isaa irra deddeebbiin kan dhagahamaa jiru ajajaa waraana ABO Zoonii Lixaa Kumsaa Dirribaa ykn Marroo waliin turtii addaa taasifneerra. Akka asin gaditti dhihaata. BBC: Isin eenyu? Marroo: Marroon jedhama. Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan godina Lixaati. BBC: Odeeffannoo qabnuun barataa yunivarsiitii akka turtan, bara 2003 barataa maanejimantii digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfinnee turtan. Kuni dhugaadhaa? Marroo: (seeqa) ..ani egaa amma waraana. Waanuma waraanaa yoo irraa na gaafatte hin wayyuu? BBC: Kaayyyoon waraana gama Lixaa jiru maali jedhani kan gaafatan baay'eedha. Kaayyoon isaa maali? Marroo: Fedhiin Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) uummata Oromoo irraa waan adda ta'e miti. ABO saba Oromoof jecha dhaabbate. Waan saba Oromoof dhaabbate kana ittin tiksuuf immoo waraana ijaarrate. Waraanni isaa immoo WBOdha. Kanaafuu, WBO fedhii ABO rakkoo Oromoo furuufi sadoo Oromoo tiksuuf dhaabbate sana ka tiksu qaama jaarmiyaa dantaa jiran keessaa isa waraanaa jechuudha. Kanarraa kaase, waraanni bilisummaa Oromoo addatti fedhii of danda'e mataa isaa hin qabu. Fedhii ummata Oromooti tiksa. Fedhii Addi Bilisummaa Oromoo ummata Oromoof tiksuuf dhaabate tiksa, kanuma. BBC: Kanaan dura gama Lixa Oromiyaatti akka Obbo Daawud waliin wal agartani dubbattan quban qaba. Maal mari'attan? Marroo: Jaal Daawud Ibsaa Hayyu duree Adda Bilisummaa Oromooti akkasumas ajajaa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromooti. Yeroo hundayyuu waan dhaaba keenyaa irrattiifi adeemsa ittin adeemnu irratti karaa adda addaa mari'anna. Kan yeroo darbe jaal Daawud gara keenya dhufani haasofnes waan adda tahe hin qabu. Mariidhuma dhaabichi yeroo hundaa wal mari'atu. BBC: Waraanni Lixa jiru ajajaa Obbo Daawud jala hinjirani jedhu. Isin ajaja Obbo Daawud jala hin jirtanii? Marroo: Kuni gaaffii ati nagaafachuullee hin malle. Ammoo erga nagaafatte deebii gabaabaa tokko siif kenna. Jaal Daawud Ibsaa Ayyaanaa hayyu duree Adda Bilisummaa Oromooti. Dhaabni Bilisummaa Oromoo immoo qaama Adda Bilisummaa Oromoo dameelee jiran keessaa damee waraanaati. Kanaaf, namni kana jedhe akkas jedhe kan jedhu hundaaf deebii deebisaa ooluun yeroo ofii gubuudha. Gabaabumatti garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa waraana zoonii kaan jiran dabalatee kan inni taliigamuufi hogganamu, ajaja irraa fudhatu hayyu duree ABO jaal Daawud Ibsaati. Wanti adda ta'e hinjiru. Ummanni Oromoo hundi kabeeku, 1fi 1 meeqa jedhani nama gaafachuu irraa waan adda ta'e miti jechuudha. BBC: Gidduu kana miidiyaa hawaasummaa irratti wanta isintu dubbate jedhame gara daqiiqaa 48 kan dheeratu ibsa isin waraanaaf kan ergaa dabarsitan fakkaatun namoonni walii qoodaa turani. Kun sagalee keessanii? Marroo: Abbumti waan kana maxxanse, social media (miidiyaa hawaasummaa) irratti baase akkaataa itti argate ibsuurraa ka'e anamoo ana miti inni adda siif baasuu danda'a. Han kanaan achii, nuti waan kana waraabnee maxxansinu, waraabne namaa kenninullee hin qabnu. BBC: Karaa nagaadhaan qabsaa'uudhaaf ABO'n mootummaa waliin waliigale Fulbaana keessatti biyyatti galuun isaa ni yaadatama. Akkasumas magaalaalee adda addaatti waajjira banaa jira. Gama kaaniin waraannis immoo ni jira. Waajjira banachaa waraana leenjisuun waliin deemaa? Kana akkamin ilaaltu? Marroo: Dhaaba qabna. Anaan akka dhuunfaatti yoo nagaafatte, anaafi sii yaada dhuunfaa kiyyaa siif hiruurraan kan hafe dhimma dhaabichaa waligalaa jaarmiyaatu deebii itti kenna waan ta'ef …ibsa dhaabni nuuf kennu karaa nudhaqqabeen hojiitti hiikna. BBC: Hoggantoota dhaabicha irra-deddeebbiin gaafanneerra. Yaada keessan dhagahuu waan barbaadeefin isinitti bilbile. Dhimma waraana kaampiitti seensisu irratti yaadni keessan maali? Marroo: Waa'ee maatii tokko kan maatii sana utubutu murtii kenna. Kanaaf, waan hangana salphataati. Anaan akkasitti nagaafachuurra kaampiitti haa deebi'u diida haa taa'u inni kuni murtii waliigalaa jaarmiyaa Addi Bilisummaa Oromoo murteessu sanuma hojiitti hiiku. Kanaaf kaampiitti hin gallaa hin galluu ani waan si deebisu miti. Murtii kiyyallee miti siin jechuu barbaade. BBC: Hoggantoonni Godina Kaamaashii ajjeefamuun isaaniin walqabate lammiileen buqqa'aa turan. Ajjeechaan sukaneessaa mudataas ture. Ajjeecha hoggantoota kanaaf kan itti gaafatamu ABO dha jechuun qondaaltonni Benishaangul akkasumas dhiheenya immoo Obbo Lammaa Magarsaan dubbataniiru. Waraanni keessan kana raawwateeraa? Marroo: …Inni kun yeroo hundaa himannaa dhaabni tokko himatu qofa. … Qaamni hidhatee jiru naannoo kanarra heddu. Gama Gumuzin yoo ilaalte, gama mootummaan yoo ilaalte, gama keenyaanis yoo ilalate humni naannoo kanatti kallattii adda addaarra hidhate sosso'u hedduu ta'e keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo qofaatti quba qabuuni hin danda'amullee, hin taatulle. Wanti suni qaama walabaa qorate bakka yakki jiru baasu danda'u qofaatu isa kana baasuu danda'a. BBC: Waraanni Lixatti ajaja ABO jala jiru ykn immoo WBO caasaa mootummaa diiguu, meeshaa milishaa jalaa fudhachuufi kaan dalageera jechuun bulchiinsi mootumma naannoo Oromiyaa himata? Isin akka ajajaa waraanaa Lixaatti deebii akkami qabdu? Marroo: Lolarra turre, lolatti jirra. Wal waraanaa turre. Wal waraana keessa wanti walii hilan hin jiru. Wal waraana keessa caasaa mootummaa siwaraanu bulchinsasaa, milishaa, poolisii, waraana hundumaa, tika, basaasa diiguun dirqamuma ta'a. Diigamaa ture. Haalli kuniyyuu dirqe jennaan mootummaan wanti kuni itti fufu hin qabu karaa nagaallee xumuranna jedhamnaan gara nagaatti deemame. "Ani akka mataa kiyyaatti bilisummaa hin qabu" Gara nagaatti erga deemame garuu dhukaasa dhaabu walii mallatteeffametu jira. Dursine waraana dhaabuu labsine. Mootummaanis hin fudhate. Erga dhukaasa walirraa dhaabu mallattaa'e wanti kun takkaa hin taane. Naamusa waraanni qabaatu qabuuni WBO dachee kanaan dura bilisoomsetu jira. Sanarra qubateetuma taa'a. Haa ta'u malee, dhukaasa dhaabun yeroo hundaa cabaadha jira. Mootummaan sababoota adda addaa hin taane dhiheeffachuun waraana yeroo hundaa sochoosuutu mul'ata. Waraanni Bilisummaa Oromoo akka kanaan duraa lola ofii filate mootummaa waraanaa turetti mootummaa waraanaa hin jiru. Garuu, bakka qubanne jirrutti waraanni mootummaa yeroo nutti sosso'u ofirraa ittisuutu dirqama ta'aa jechuudha. Kanaan dura lolarra turame. Wal waraanaa turre. Kan lolli dhaabbateera jedhame asitti garuu wanti kuni himannaa dharaarraa kan hafe sababa ittiin waraana kana irratti dhukaasa banuuf qophii tolfame yoo ta'erraa addatti caasaan akkasitti diigames hin jiru. BBC: Mootummaan sababa rakkoo nagenyaaf gara Lixaatti waraana bobbaasaa tureera. Miidhaa hangamii isin irraa geessise yookiin immoo walitti bu'insa akkamiitu dhalate? Marroo: Walitti bu'iinsa kana keessatti nuti waraana waan dhufe ofirraa ittisuuf nidandeenya. Ga'umsa isaas dandeettii isaas qabna. Wareegama kanfaluf qophiidha. Gidduu kanatti garuu kan miidhamaa jiru ummata Oromoo naannoo kana jiru. Yeroo hundaa waraannii WBO fi mootummaa gidduutti adeemsifamu miidhaan isaa guddaan ummata Oromoo irratti. Waraanni Bilisummaa Oromoo akka waraanaatti dhukaasa dhaabu akkuma kabajetti jira. Garuummoo, humna irratti bobba'e ofirraa ittisuutti argama. Ofirraa ittisuttis jira. Inni kuni garuu gama lachuunu bu'aan argamsiisu tokkollee hin jiru. Asiinis koottu achiin kan ajjeefamaa jiru Oromoo. Kan hir'ataa jirus lakkoofsa ilmaan Oromooti. Kan waraana mootummaa keessaa irri guddaan isaa asitti bobbaafame jiru ijoollee hiyyeessaa waraanatti galchanidha. Bu'aa nubuusuus hinqabu. BBC: Waraanni Bilisummaa Oromoo lafa hangami to'ateera gama Lixaatiin? Marroo: Ummata Oromoo zoonii Lixaa jiru gaafachuu dandeessa. BBC: Duratti, waldhabdee mootummaafi Waraana Lixa jirutti kan miidhamu ummata jettanittu. Kanaaf falli maali? Marroo: Gamnummaa yookaani barcuma siyaasaa kan dhuunfaa ofii tikfachuuf jecha shira adda addaa dalaguu osoo hintaane bu'aa ummata Oromoo yoo dursine rakkoon kuni halkan tokkotti furmaata argata. Yoo bu'aa ummata Oromoo caalaa bu'aa barcuma aangoo siyaasaa tiksuuf hojjenna taate garuu yoomiyyuu furmaata hinargatu. BBC: Mootummaa Ministira Muummeen durfamu kana akkamin ilaaltu? Marroo: Ija lachuu nan qaba jechuu kooti. Ijuma namni ilaaluun ijuma lamaan ilaala mootummaa kana. BBC: Hubannoo, yaada keessan jechuu kiyya. Marroo: Kun ilaalcha dhuunfaa kiyya egaa ibsachuu dhiisuu mirga nan qaba natti fakkaata dhiifama waliin. BBC: Ministirri Muummee erga gara aangootti dhufani as akka biyyatiittuu deeggarsa bal'aa akka qabanitti amanama. Jijjiirama hedduus akka fidanitti amanama. Haala amma jirun dirreen siyaasaa bal'ateera meeshaa qabatani laga seenani qabsaa'uun hin barbaachisu yaada jedhu xinxaltoonni siyaasaafi hoggantoonni siyaasaa ni dubbatu. Yaadi keessan maali? Marroo: Waa'een waan kanaa kan deebii siif kennuu danda'u qaama olaanaa dhaaba kenyaati siin jedheera. Akka yaada dhuunfaa kiyyaatti waan hedduu siin jechuu nan danda'a. Sun yaada mataa kiyyaati ta'a malee yaada jaarmiyaa kiyyaa ibsuu dhiisuu ni danda'a. BBC: Adda Bilisummaa Oromoo gaaffii uummata Oromootu dhalche. Waggaa dheeraafis qabsaa'aa ture. Haala amma jirun Oromoon bilisoomeera jettanii yaadduu? Yoo hin bilisoomne jettanimmoo yoo maal ta'e bilisooma? Marroo: Gaazexessaa ati Oromoo. Bilisumma jechuun siif maali? Ofikee bilisomteettamoo hin bilisoomne? BBC: Gaaffii ummataan gaafachaa jira gaaffii dhuunfaakoo miti. Marroo: Akka mataa kiyyaatti ani bilisummaa mataa kiyyaa hin qabu. Sabnimmoo kan isaa deebii itti kennachuu ni danda'a. BBC: Gama Lixaatiin waraanni haaraa leenji'aa jira namoonni hedduun bosona seenaa jiru yaadi jedhu gama mootummaatin ni ka'a. Dhimma kana irratti yaadni keessan maali? Marroo: Leenjiin adda ta'e erga lolli dhaabachuun labsame asitti ta'aa jiru tokkolleen hinjiru. BBC: Kanaafuu namni haaraas leenjii fudhachuuf kan isinitti dabalame hin jiruu? Ergasi kan lakkoofsi isaa dabale hin jiruu? Marroo: Suni hin jiru. Lakkoofsuma uummata Oromoo zoonii kana jiru ofirraa faccisaa jiruurraa kan hafe namni addaa bakka biraarraa dhufe leenjii nubiratti fudhataa jiru hin jiru.
oduu-44479937
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44479937
''Warra qormaata fudhachuu barbaadan ni qorra" Dr Fireew Taganee
Mormiin barattoota Yunivarsitii Baahir Daaritti guyyoota sadiif itti fufe olee jira. Barattoonni maandisumm aawaggaa sadaffaa qormaata waliigalaa harawaa akka fudhataniif yaada ka'een walqabatee baatii Fulbaanaa irraa kaasee gaaffii barattootaan ka'aa ture itti fufuun adda cita qormaataaf madda ta'eera.
Yunivarsitii Baahir daar Gara dallaa yunivarsitii maandisummaatti humnootiin nageenyaa naannichaa galusaanitiifi walitti bu'iinsi umamuusaa barattoonni BBC'n dubbise himaniiru. Yunivarsitichi gama isaatiin qormaatichi kallattii biyyaalleessaa Ministeera Barnootaatii kaa'ameedha jedheera. Barataan waggaa sadaffaa maqaansaa akka hinkaafmne gaafate tokkos, Baatii Caamsaa 30 ALI bara 2010 irraa eegaluun seerri qormaata barnoota biyyaaleessa hunda hammatuu yunivarsitichatti gabatee beeksisaa rratti maxxanfamu dubbata. ''Haala beeksisichaatti, qormaanni hunda hammate kun kan duraan ittiin hojatamaa ture osoo hintaane, barataan harka 50 gadii galmeessees darbu akka hindandeenyee fi barnoota adda kutuun gara maatiitti deebii'u akka qabaatu ibsa,'' jedheera barataan kun. Kana malees, waggoota sadan darbaniitti barattoonni sababii adda addaatiin barnoota adda kutuun eegalan, kanneen qormaata kufanii deebii'anii eegalan qormaaticha fudhachu akka hindandeenye seerri haaraan kun ni ibsa jechuun dubbata. ''Barattoonni Yunivarsitii Baahir daariitti inistituyutiin maandisummaa waggaa sadaffaa, qormaata hunda hammaataa jedhamu fi sirna barnootaa keessatti bara dheeraaf kennamaa ture hinfudhannu jechuun gaaffii kaasaniiru,'' kan jedhan ammoo Pirezidaantii yunvarsitichaa Dr Firew Taganeeti. ''Sirni barnootaa hiriiraan hingeedaramu. Qormaata baroota dheeraaf itti fayyadamaa turreedha.'' Yunivarsitoonni biraas haaluma walfakkatuun barattoota isaanii qoraa jiru jedhu pirezidaantichi. Seerichi haala adda addaatiin hojiirra olafamaa akka ture hubachu dandeenye jirra. Haa ta'u malee seerichi sadarkaa ministeera barnootaatti kan dabarfameedha yaadni Dr Firew. Pirezidaantichi itti dabalunis, ''Waara qormaata fudhachu barbaadan ni qorra, waara hinqoramnu jedhan ammoo dirqisiisuu hindandeenyu. filannoon kan isaaniti,'' jedhaniiru. Barataanni yunivarsitichaa Sanbata ganamaa eegaluun hiriiraan gara bulchiinsa yunvarsitichaa deemanii gaaffii dhiyeefachusaanii kan dubbatu barataan kan birati. Dilbata waajjirri cufaa waan tureef jecha barattoonni Wiixata ganama irra deebiin hiriira gochuun gaaffii dhiyeessannaan, yunvarsitichis barattoota haaluma kutaa barnoota isaanitiin dubbisuuf beeksisa maxxansu isaa BBC'tti hemeera. Mormiin barattootaa kun Kibxatas kan itti fufee yoo ta'u, Guyyaa Robii garuu humnooti addaa naannichaa gara dallaa yunvarsitichaa galuun barattoota irratti tarkaanffii humnaa fudhachuu isaanii ibseera. Dhumarrattis pirezidaantiin yunivarsitichaa Dr Firew barattoota dubbisuuf waan murtessaniif haallichi xiqqoo tasgabbaa'usaa himeera. Barattoonis seerichi haarawaa akka itti ta'eefi jalqabaa waggaa irratti sirna hubannoo cimsu irratti kan hindubbatamiin ta'usaan pirezidaantichatti himaniiru. Dr Firew gama saanitiin barattoota waliin waldhagahu waan dadhabaniifu walgahichi adda citusaa himaniiru. Guyaa Robii gaman garuu qabeenyaa yunvarsitichaa irraan miidhaa qaqabsiisuu jalqabu isaanitiin qaama motummaa dhimmisaa ilaalu waliin dubbachuun tarkaanffii fudhachuuf dirqamusaanii himaniiru. Humni nageenyaa naannichaa gara dallaa galees barattoota kan reebeefi barattoonnis baqachuuf yoo dallaa yaabbatan miidhaaf saaxilamusaanii barataan dubbifne kan biraa nutti himeera.
oduu-43054824
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43054824
Gaaboon: Erga kanfalttii hospitaalaa raawwateen mucaan gadhiifamte
Gaaboonitti daa'imni sababa maatiin maallaqa waldhaansaa kaffaluu dadhabaniif mana yaalaa dhuunfaa ji'oota shaniif qabamtee turte gadi lakkifamte. Haati daa'ima kanaa oduu kana dhagahuusheetti baayyee gammadde.
Daa'ima bareedduu ji'oota shanan jalqabaa kilinika dhuunfaa turte Haati daa'ima kanaa Sooniyaa Okoomee da'imni ishee akka dhalatten mana yaalaa seentee ji'oota shan waan irraa adda baatee turteef harmi ishee akka goge dubbatti. ''Daa'imni koo naaf deebi'uutti nan gammada. Garuu daa'imni koo narraa fagaattee waan turteef amma harmi koo gu'eera, hoosisuu hin danda'u,'' jette Daa'imni koo talaallii barbaachisaa argachaa hin turre jechuunis komatteetti. Kunimmoo guutummaa biyyattii baayyee waan rifaasiseef hawaasni tumsa barbaachisaa gochuufii eegale. Hawaasnis duulaan maallaqa doolaara Ameerkaa kuma 3 fi 630 walitti qabaniif. Pirezidaantiin biyyattii namoota kaffaltii kanaaf gumaachan keessaati. Daa'imni yerooshee malee dhalatte kun akkuma dhalatteen mana yaalaa kana keessatti bakka daa'imman tursiifaman guyyoota 35'f waan turteef kaffalamee baate. Kanaan walqabatee daayirektarri mana yaalaa kanaa yakka daa'ima ukkaamsuutiin Wiixata darbe himatamanis boodarra himati kun irraa ka'eera.
oduu-55463973
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55463973
Koronaavaayirasii: Oromiyaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii dabalaa jiraa?
Dhibeen Covid-19 naannoo Oromiyaatti aanaalee 336 fi magaalota 19 keessatti argameera.
Dhibichi naannoo Oromiyaa keessatti "lafa Inni hin geenye hin jiru" kan jedhan hogganaa itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa lakkoofsi namoota dhibichaan du'anii dabalaa jiraachuu himaniiru. Akka naannichaatti ji'oota muraasa dura guyyaatti namoota 5,000 qorannoon dhibee Covid-19 taasifamaa kan ture yemmuu ta'u yeroo ammaatti garuu guyyaatti naannoo namoota 300 qofaaf qorannoon taasifamaa jira. Kunis lakkoofsi namoota dhibeen Covid-19 irratti argamaa jiru xiqqaachaa kan jiru akka fakkaatu taasiseera. Haa ta'u malee faca'iinsi dhibichaa hir'achuurra dabalaa jiraachuu kan himan Obbo Darajjee Abdannaa, "osoo qorannaan dabalee haalli dhukkuba kanaa dabalaa jira malee waan xiqqaataa jiru miti" jedhan. Ji'oota muraasa dura namoota qorataman keessaa dhibbeentaa 5 hanga 6 kan ta'an dhibeen Covid-19 irratti argamaa kan ture yemmuu ta'u yeroo ammaa garuu dhibbeentaa 20 hanga 30 kan ta'an irratti dhibichi akka argamu himaniiru. Qormaatni inni biraan immoo lakkoofsi namoota yaala cimaa barbaadanii dabaluu isaati. "Yeroo ammaa kana namootni dhibee kanaan qabaman dabalaa jira. Gama biraatin immoo namootni guyyaa guyyaan dhibee kanaan baay'ee dhukkubsatanii kutaa yaala cimaa /ICU/ galan baay'ee dabalaa jira" jedhan Obbo Darajjeen. "Akka Oromiyaatti duraan yeroo namootni kumaatamaan qoratamaa turanitti guyyaatti nama afur yookin shanii gaditu ICU galaa ture. Amma garuu nama 30 fi isaa oli kan dhukkubni itti hammaatee ICU galu" jechuunis himan. Naannichi wiirtuuwwan yaalii 22 keessatti ogeeyyii fayyaa 1,200 ta'anin tajaajila wal'aanasaa Covid-19 kennaa jira. "Koroonaa xiqqeessanii ilaaluu..." Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa namootni tarkaanfiiwwan of eeggannoo dhibee Covid-19 ittisuuf fayyadan hojiirra akka oolchanif qajeelfama baasus akka naannoo Oromiyaatti geejibaan alatti yeroo hojiirra oolu baay'inaan hin mul'attu. Qajeelfamichi dhaabbileen tajaajila kennan kunneen akka dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee tajaajila geejibaa kennan akkasumas mannen soorataa fi dhugaatii keessatti kan tajaajila kennus ta'e argatu haguugii afaaniifi funyaanii /mask/ akka godhatan kan dirqisiisu ta'us qajeelfamni kun iddoowwan baay'eetti hojiirra oolaa hin jiru. Gaheen Biiroo Fayyaa Oromiyaa hawaasni waa'ee dhibichaa hubannoo akka qabaatu gochuu ta'uu kan himan Obbo Darajjee Abdannaa, "hubannoo uumuu irratti hafeera kan jedhu hin qabnu jedhu. "Yunivarsiitiiwwan walin ta'uun qorannoo adda addaa taasisaa turre, namni karaa koroonaan itti darbu fi akkatti ofirraa ittisan dhibbaa dhibbatti jechuu baannus baay'eensaa dhagaheera" jedhan. Haa ta'u malee hawaasa bira ilaalchi Koroonaa akka dhibeetti ilaaluu dhiisuu akkasumas dhibichi akka nama hin ajjeesnetti xiqqeessanii ilaalun akka jiru dubbatan. Ayyaanawwan fi of eeggannoo barbaachisu... Ayyaanawwan as adeemaa jiran Qillee fi Cuuphaan kan namootni manaa manatti deemun itti wal gaafatan fi namootni heddun iddoo tokkotti itti walitti qabamanidha. Kana malees gabaawwan ayyaanawwan kunneenif dhaabbatan irratti namootni heddun ni argamu. Ayyaanawwan kanaan walqabatee namootni haguuggii afaaniifi funyaanii osoo hin godhatin tajaajilli akka hin kennamnef Ministeerri Fayyaa dadamaqiinsa uumuu eegaluusaa himu Obbo Darajjeen. Bifa walfakkaatun nuyis caasaa keenya sadarkaan jiran dhimma kanarratti hawaasaaf hubannoo akka uuman akkasumas miidiyaalee naannoo keenya jiran fayyadamun hubannoon akka dabalu wanti jalqabne jira jedhan. Haa ta'u malee "fayyaasaaratti kan murteessu abbaadha" kan jedhan Obbo Darajjeen "inni jalqabaa of oolchuudha, namni fayyaa isaatif waardiyyaa dhaabbachuu qaba" jedhan. Kana malees dhaabbileen mootummaa tarkaanfilee of eeggannoo malee tajaajila kennuu akka hin qabne dhaamunis akka waliigalaatti hojiin ittisaa fi to'annoo dhibee Covid-19 tumsa kutaalee hawaasaa maraa kan gaafatu ta'uu himaniiru. Gama biraatin akka biyyaatti faca'iinsi dhibee Covid-19 akkasumas lakkoofsi namoota yaala cimaa /ICU/ barbaadanii dabalaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksisuunsaa ni yaadatama.
oduu-41050033
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-41050033
Amaloota addaa Albart Anistaayin irraa maal barannaa
Namoota sammuu qaroo bu'aa olaanoo argamsiisan keessaa, qaroomina sammuu guddaa kan qabu fi amaloota adda qabuun kan beekamu tokko Albart Anistaayiin dha.
Amaloota nama kanaa baruun sammuu keenya akkamiin qaruu akka dandeenyu hubannaa nuuf kennaa laata? Anistaayiin akkamitti anniisaa atoomii keessaa cuunfuu akka dandeenyu nu barsiiseera. Tarii namni kun samuu xiqqoo qabnu kana keessaa akkamitti waan bu'aa fidu tokko yookan lama baasuu akka dandeenyu nu barsiisu danda'a ta'a. Kanaaf ammoo haala rafiitii, nyaataa fi filannoo uffannaa isaa beekuun nu gargaaruu malaa. Hirriba sa'aatii 10 fi sillimii sakoondii tokko Rafuun sammuu namaaf gaarii ta'uu isaa hundumti keenyayyuu ni beekna. Anistaayiin guyyaatti yoo xiqqaate sa'aatii 10'nif rafuun namoota hedduu caalaatti gorsa fayyaa kana hojii irra nama oolche dha. Seenaa dhala namaa keessatti kalaqaalee Albart Anistaayin jijjiirama gurguddoo fidan kan akka Gabatee Pereedikii, caasaa DNA fi yaad-rimee Ispeeshaal rileetiivitii (Special relativity theory) yoo fudhanne, hundi isaanii iyyu kan argaman yeroo namnni kun rafu ta'uun isaa beekameera. Kesaattu dhuma irra kan jiru kan yaad-rimee abjuu keessaa loon elektrikiidhaan yeroo ajjefaman arge ture. Haa ta'u male kun dhugaa ta'u ni danda'aa laata? Albart Anistaayin yoo xiqqaate guyyaatti sa'a 10'f rafa ture Bara 2004 keessa, hayyoonni saayinsii kan Yuniversitii Luubeek biyya Jarmanii yaada kana qorachuun, namoonni sirriitti rafan namoota rafiitii gaha hin arganne harka lama caalaa yaada gurguddaa burqisiisuu akka danda'an eeraniiru. Iccitii biroo hirribni qabu Yeroo rafnu sammuun keenya turtii daqiiqaa 90 hanga 120 keessatti hirriba salphaa, hirriba cimaa fi hirriba abjuu afaan saayinsiin 'Rapid Eye Movement/REM/' jedhamu gidduu jijjiirama. REM kun dandeetti waa baruu fi yaadachuu sammuutiif gumaacha guddaa qaba jedhamee yaadama. Wayita hirriba REM hin taane rafnu sammuun sochii baay'ee ariifata Ispiindil Iventis (spindle events) jedhamu keessa seena. Sochiin sammuu kun qarooma sammuu kan rakkolee furuu nama dandeessisu, waan haaraa ta'e tokko bira gahuuf yaada qajeelaa akka qabaannu nu gargaaruu fi waan tokko dafnee akka barru nu taasisa. Waan akkana kana Anistaayin baay'ee akka qabu beekama dha. Ispiindil Ivantiin tokko umurii sakondii murasaa kan qabu yoo ta'u rafiitiin halkan tokkoa sochiiwwan akkanaa kumaatamaan lakkaa'aman of qaba. Kana jechuun hammuma sa'aatii dheeraaf rafnu sammuun sochii Ispiindil Ivantis kana hedduu raawwata jechuu dha. Kun garuu namoonni Ispindil Ivantii baay'ee qaban hundi qarooma sammuu guddaa qabu jechu miti. Dubbichi dubbii lukkuu fi killeeti. Waan Ispiindil ivantii baay'ee qabaataniif qaroomu ammoo waan qaroomaniif Ispiindil ivantii baay'ee qabaatu adda hin baane. Kun qarooma sammuu gosa biraa kan akka dandeetti waa yaadachuu, herreegaa fi odeeffanno addaa addaa beekuu waliin hidhata hin qabu. Kun kallattiidhaan kan inni irratti xiyyeeffatu dandeetti waa tokko qajeeltoon xiinxaluu irratti qofa jedha Foogel, Yuunivarsiitii Otaawaatti ogeessa niiwuroosaayinsii kan ta'e. Kunis ilaalcha Anistaayin barnoota idileef qabu fi gorsa inni namaaf kennu waliin baay'ee wal simata. Gorsi Anistaayin kunis 'waan deebitee dubbiftee hubachuu dandeessu sammuutti qabachuuf of hin dhiphisiin' kan jedhuudha. Qaroomni sammuu kallattiin Ispiindil Ivantiin wal haa qabatu malee, dubartootaaf rafiitiin halkanii, dhiirotaaf ammoo sillimiin guyyaa sammuun akka gabbatu gumaacha akka qabus qorannoon tokko mul'iseera. Anistaayin ammoo dhaabataan sekondii tokkoof qofa sillimii fudhachuu jaallata. Kanaafis fal'aana sibiilaa harka isaatti qabatee barcuma isaarra gar tokkotti hirkatee taa'a. Kallatti harkasaa fal'aana qabatee jiruun lafa irra shaanii sibiila kaa'uun yeroo inni sillim jedhee fallanni shaanii irratti kufu, sagalee uumamuun akka damaquu danda'uuf jecha.Amaloota addaa Albart Anistaayin irraa maal barannaa Deemsi miila dheereffannaa sammuu ni qaroomsa, qajeeltootti akka yaadnus nu godhaa, jedha Anistaayin Deemsa miilaa guyya guyyaa gochuu Anistaayiniif deemsi waan barbaachisaa fi hafuu hin qabnee dha. Yeroo Yuunivarsiitii Niwu Jeersii ture dhaqaa galatti maayilii tokkoof walakkaa guyya guyyaan deema ture. Kana gochuun namoota akka Daarwiin kan yeroo hundumaa utuu hin nuffiin guyyaa guyyaan daqiiqaa 45 ala 3 deeman hordoofusaati. Kanas kan godhaniif, fayyaa isaanitiif yookan jabina qaamaaf jedhanii hin turre. Deemsi miila diriirfannaa dandeettii waa yaadachuu, waa uumuu keessa namaatti waan gabbisuu fi namoota rakkoo furuuf dandeettii qaban waan taasisuuf ture. Paastaa yookin Ispaageetti nyaachuu Namoonni qaroon maal nyaatu? Sammuu namaa haalaan gabbisa jedhamee nyaati himamu yoo hin jiraanneyyuu, sammuu ajaa'ibsiisaa kan Anistaayin kan akkas godhe paastaa nyaachuu dha jedhama. Anistaayin yeroo tokko akka qoosaatti, waa'ee Italii wantan jaaladhu yoo jiraate 'Ispaageetii fi hayyuu herregaa Leevii-Siviitaa jedhamu jechuun dubateera. Nutis egaa kanuma fudhanna jechuudha. Sammuun namaa qaama namaa guutuu keessaa dhibbeentaa 2 qofa yeroo ta'u, nyaata humnaa kennu kaalorii qaamni namaa fayyadamu keessaa hanga dhibbeenta 20 fudhachuun immoo tokkoffaa ta'uunsaa beekamaa dha. Ulfinni sammuu namaa giddugaleessaan giraamii 1,400 yeroo ta'u kan Anistaayin garuu giraamii 1,230 qofa. "Nyaati shukkaara yookan kaarboohayidireetii of keessaa qabu sammuu ni gabbisa. Kaarboohayidireetii hanga giraamii 25tti argachuun qaamni keenya sirriitti akka hojjatu kan gargaaru yeroo ta'u, yoo kun dachaa ta'e garuu dandeettii yaaduu sammuu nama ni hir'isa" jedha Leey Giibsoon, Yuunivarsiitii Rohamptoonitti, barsiisaa qor-sammuu kan ta'e. Albeert Insistaayin tanboo aarsuun fayyaa isaaf gaarii akka hintaane hinbeeku ture Gaayyaa xuuxuu Albart Anistaayin nama tamboo xuuxuudhaan baay'ee bekamuu dha. Balaa tamboo aarsuun fayyaa nama irratti fidu heddumminaan yeroo bekameetti, waan namni kun amaleeffate hordofuun waan gorfamu miti. Tamboo aarsuu kan jaalatu Anistaayin 'sabrii sammuu namaaf kennuun, namni murtee loogii hin qabne akka murteessu gargaara' jechuun ilaalcha qabu dubbateera. Bara 1940-1962tti, hanga Anistaayin du'ee waggaa torba ta'uutti, tamboon kaansarii sombaa waliin hidhata akka qabuu ifatti hin beekamne ture. Yeroo ammaa kanatti garuu kun iccitii miti. Tamboo aarsuun seeliin sammuu akka hin oomishamne godha, kuufama selebraal koorteeks jedhamuu kan dandeetti yaaduu sammuu keenyaa to'atuu haphisa, akkasumas sammuun keenya qilleensa qulqulluu ykn oksijiinii akka dheebotu godha. Kanaafu Anistaayin sammuu qaroo qabaachuun isaa sababa xuuxuufi jechuun hin danda'amu. Qubi abbudduukoo kaalsii kutee waan na rakkiseef keewwachuu jibbee hafe. Kaalsii keewwachuu dhiisuu Barmaata Anistaayiniin adda isa taasisu yeroo tarreefamu, jibba inni kaalsiif qabu utuu hin xuqiin darbuun hin danda'amu. Xalayaa durbii isaaf boodammoo haadha manaa isaa Elsaaf barresse keessatti, "ijoollumaatti kaalsii gaafan keewwadhu yeroo hundumaa qubni abbudduu kalsii kutee keessa ol baheen arga. Kanaafan keewwachuu dhaabee" jedheera. Kaalsii keewwachuu dhiisuun Anistaayin, jijjiirama jireenya isaa irratti fide qorannoon mirkaneessu hin jiru, haa ta'u malee amalli wayyaa kittii uffachuu caalaa wayya lafoo filachuu yeroo qoratamu, rakkina xiinxaluu dadhabuu sammuu wajjiin hidhata qaba jedhame amanama. Kanas hambisuuf Anistaayin yeroo gorsa kennu 'wantii guddaan yeroo hundumaa gaafachuu dhaabuu dhiisuu dha jedha. Waa baruuf carraaquun jiraachuuf sababa gahaadha' jechuun barruu Laayif jedhamutti himeera. Kana gochuu dadhabuun, akka ati waan biraa shaakaltu si godha. Maaltu beeka innis hojjechu ni mala ta'as jedheera.
52705252
https://www.bbc.com/afaanoromoo/52705252
Koronaavaayiras: Hidha Haaromsaa Itoophiyaafi sodaa koronaavaayirasii
Tibba darbe namni tokko giddu-gala yaalii Covid-19 kan Aanaa Gubaatti argamu keessatti koronaavaayirasiin irratti argamuusaa Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa erga mirkaneessee as jiraattota naannoo Beenishaangul Gumziifi hojjettoota Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa biratti yaaddoofi sodaa uumeera.
Iddoowwan hojii namoonni itti heddummaatan keessaa tokko kan ta'e Hidhi Haaromsaa Itoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtu kun, daangaa irra ta'uunsaas sodaa dabalataa hojjettoota keessatti uumeera. Kana malees, pirojektiin hirmaannaa lammiilee biyyoota alaa kanneen akka Italii, Chaayinaa, Jappaan, Jarmaniifi kanneen biroodhaan kan hojjetamu ta'uunsaa ammas hojjettoonni ofitti amanamummaa duraatiin akka hin hojjenne danqaa xiinsammuu uumeera. Hojjettoota 7,000tti tilmaaman kan of keessaa qabu pirojektii Afriikaa keessatti isa guddicha ta'e kun, caasaan isaa malaammaltummaan laaqamuu, dhibdeen biyyoota sadeenii (Itoophiyaa, Sudaan fi Masirii) darbees ammammoo weerarri koronaavaayirasii mudachuun hojii isaa qorreera. Sodaa koronaavaayirasiifi haala hojii pirojektichaa irratti BBC'f yaada kan kennan Hogganaa Olaanaa Pirojektichaa Injinar Kiflee Horroo,''Pirojektichi aanaa Gubaa keessatti argamus bakki vaayirasichi itti argame garuu nurraa fagoodha,'' jedhan. Aanaan Gubaa aanaawwan Beenishaangul Gumuz keessaa isa bal'aa ta'uu kan dubbatan Injinar Kifleen, ''vaayirasiin kun argame kan jedhame iddoo namoonni vaayirasichaaf shakkaman itti tursiifaman kan naannawaa Paawwii jedhamu keessatti. Achitti namoota daangaa qaxxaamuruun Sudaan irraa dhufanfaatu tursiifamu. Pirojektii keenyaan walitti hidhata hin qabu,'' jedhan. Erga weerara koronaavaayiarsii pirojekticha keessatti maaltu jijjiirame? Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaarratti hammaatee manneen hojii addunyaarra jiran kaan hojjettoonni akka manaa yookiin fageenyarraa hojjetan, kaan ammoo lakkoofsa hojjettoota hir'isuun haala hojiisaanii mijeessuun hojjechaa jiru. Hojiiwwan fageenyarraa hojjechuun rakkisaa ta'e keessaa tokko hojii konistraakshiniiti kan jedhan Injinar Kiflee Horroo,''nutis of-eeggannoo cimsuun ala hojjettoota hir'isuus ta'e manaa yookiin fageenyarraa hojjechiisuu hin dandeenye,'' jedhan. ''Hojjettoonni bakka hojiitti akka walirraa hiiqan gochuun cimus garuu of-eeggannoowwan biroo kanneen akka qulqullina eeggachuufi maaskii godhachaa jirra'' jedhan. ''Akka durii hojjetaan galii hin ba'u. Daawwannaan ammas hafeera. Akka carraa namni gara pirojektichaa seenu yoo jiraate guyyoota 14'f erga adda ba'ee tursiifamee booda, hordoffiin godhameefii hojjettootatti makama',' jechuun of-eeggannoowwan cimsaa jiraachuu himan. Sodaan biraan konkolaattota meeshaalee ijaarsaa fe'aniidha kan jedhan Injinar Kifleen, isaanis wayita dhufan hojjettootatti hin siqan, konkolaataa isaaniis qoricha farra vaayirasii itti biifu jedhan. Yaaddoo imala lammiilee biyyoota alaa... Akka Injinar Kifleen jedhanitti, erga weerara koronaavaayirasiitiin addunyaan cufamtee lammiileen biyya keessaas ta'e lammiileen alaa hojii pirojektichaa harkaa qaban ba'anii galuun hafeera. Sababa kanaan yaaddoo hanqina hojjetaa qabna kan jedhan injinar Kifleen,''isa kanarratti xiyyeeffannee hojjetaa jirra,'' jedhan. Erga weerarri koronaavaayirasii Itoophiyaa mudatee lammiileen biyya alaa hojii pirojektichaarratti argaman imalanii hin beekanii isa jennee gaafanneef, ''akka carraa waggaa haaraa Chaayinootaa waliin waan walirra bu'eef lammiileen Chaayinaa imalanii turan. Isaanis wayita as deebi'an guyyoota 14'f addatti tursiifamanii erga xumuranii booda xiyyaara addaatiin gara pirojektichaa geffamaniiru. Isa boodas hojjettootatti osoo hin makamin hordoffiin taasifameeraaf. Kanarraa kan hafe, namni imale hin jiru,' jedhan. Akka carraa yoo qabaman eessa tursiifamu? Mootummaan iddoo pirojektii kanaaf xiyyeeffannoo addaa kenneera kan jedhan Injinar Kifleen,''gama eegumsaanis humnoonni nageenyaa dabalataan ramadamanii sochii jiru itti dhiyeenyaan to'ataa jiru. Minsitirri Fayyaafi buufati Asoosaa irra jirus hojjettoota keenyaaf xiyyeeffannoo addaa kenneera,'' jedhan. "Dhibeen kun gara iddoo pirojektii seenee akka hin faalleef of eeggannoo dursaarratti xiyyeeffanneerra. Yoo akka carraa as seeneefis giddu-gala wal'aansaa tokko asumatti hundeessinee kaan ammoo kan Asoosaa jirutti fayyadamuuf walii galleerra'' jedhan.
oduu-50669408
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50669408
Atileet Siifan Hasan: Akka kaanis ta’uu baatu Finfinneefi Sulultaatti lafa bitadheera’
Atileetin fiigicha fageenya gabaabaas ta'e dheeraa fiigdetti milkaa'uu qofa osoo hin taane riikardiillee cabsuutti jirtudha atileet Siifan Hasan.
Dhihoo immoo qophaa ishii shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa tibbana dorgomame irratti fiigicha fageenya lamaan kan 10,000m atileetonni Itoophiyaa ittiin beekaman dabalatee shaampiyoonaa taateetti. Dhaabbanni Atileetiksii Addunyaa atileetota 10 ciccimoo jedhee badhaasaaf barana kaadhime keessaa toko Siifan turte. Sadarkaa atileetiksii dubartootaa dhabbanni kun bara 2019 keessa baasen atileetin dursaa jirtu atileetii dhalootaan Itoophiyaa garuu Nezerlaandif kan fiigdu Siifan Hasanidha. Tibbana turtii addaa BBC Afaan Oromoo waliin taasisten dhimmoota isin baruu feetu jennee yaadne gaafanneerra. "Atileetin ani sodaadhu hin jiru. Mo'achuu malee tasa mo'atamuu hin barbaadu," jetti shamarreen umurii waggaa 26 fi shaampiyoonaan addunyaa Siifan Hassan. "Itoophiyaadhaaf akkan fiigu namni na gaggaafate jira. Ani garuu odoon fiigee jedhee hawwee hin beeku. Yoo biyyi Oromoo bilisa baate malee," jechuunis dubbatti. Umuriishee waggaa 15tti baqattummaan gara Awurooppaa kan imalte shaampiyoonaan addunyaa atileet Siifan Hasan qormaata jireenyaa hedduu keessa darbuushee dubbatti. Ammammoo atileetota dubartoota fageenya giddugaleessaa baha Afrikaaf qormaata cimtuu taaterti. Turtii Siifan Hasan walin taasifne iddoo dhalootaafi imala gara baqattummaa gaafachun eegalle. Itti dhihaadhaa! Siifan: Ani magaalaa Adaamaattin dhaladhe. Garuu waa takka keessaa hin qabu. Arsii Aanaa Muunessaa magaalaa Qarsaa kan jedhamu gara baadiyyaattin guddadhe. Gara biyya Neezarlaand umriikoo naannoo waggaa 15 yookin 16ttin deeme. Yeroo sanatti as biyya keessa jireenyaafis ispoortiifis baay'ee namatti hin tolu ture. Achumatti hafuuf itti yaadeen deeme. BBC: Ispoortii asumatti eegaltemoo erga gara Neezarlaand deemte booda? Siifan: Ispoortii asumattin eegale. Fiigicha akka maleen jaaladha. Gara mana baruumsaa yeroon deemu nan fiiga, dorgommis nan dorgoma ture. Ani nama mana keessa oolu hin turre. Ala baay'een jaaladha. Achi deemee barumsa eegaleen ture. Ijoollee ispoortii hojjetantu akkan ispoortii eegalu na taasisan. BBC: Jireenya biyya Neezarlaand baruun sitti cimee turee? Siifan: Jireenyi biyya Neezarlaand waggaa lama ykn sadif natti ulfaatee ture. Ani intala baadiyyaati. Baadiyyaattimmo balballi banaa dha. Warri ollaa walitti dhufa. Waliin jireenyi hawwaasummaas ni baay'ata. Yeroon achi dhaqu akka tasaa bakki gaarinillee nan geenye. Mana 'under age' jedhamu na gahe. Yeroo hunda balballi ni cufama. Animmo nama ala baay'isu. Haadha koo waliinillee sababa sanif wal lolla ture. Kanaaf waggaa tokkof rakkachaan ture. Nama Oromoo dhiisi nama Itoophiyaatinu wal hin agarre. Yaadni biyyaas sammuu koo keessa deddeebi'aa ture. Qilleensi biyyaas gargar ture. Yeroo gannaa achi akka malee qorra. Hanga waggaa lamaa sadiif halkanillee abjuudhaan biyyuma kana argaa ture. Sana boodan jireenya biyya sanaa walin wal bare. BBC: Yeroo tokko "atileet Fayyisaan anaaf goota kooti" jettee turte. Gootummaansaa gama kamiini? Fiigicha yeroo eegaltuhoo atileetin fakkeenya godhatte jiraa? Siifan: Atileetin ani ilaalee akkas ta'e jedhe hin jiru. Ani intala musliimaati. Warri koo Islaama. Kanaafu gara fiigichaa kana wanti akkasin ta'a jedhu hin jiru ture. Ergan biyyaa deeme booda barsiisaan koo fiigicha jaalatutu jira. Barsiisaa sana walin bakka fiigichaa deemee namittin tokko na ilaaltee "intalli kun dandeettii qabdi fiigicha eegaluu qabdi" jettee kophee naaf bitte. Sana booda garuu barumsa narsii barachaa waan tureef baay'ee natti ulfaate. Boodas akka tasaa federeeshinii atileetiksii 'Dutch' [maqaa biraa Neezarlaand] argadhee akka na gargaaru natti hime. Isaan bira bara 2012 seenee bara 2013 dorgommii Diyaamand Liigii dorgomee nan milkaa'e. Bara 2014 immoo atileetota olompikiifaa fiigan mo'achuu eegale. Milkaa'inni kiyyas akkuma nama har'a ka'ee boru milkaa'e ta'e. Kolfa… Fayyisaan ummata Oromoof waan baay'ee godhe. Inni rakkoo sana mul'isuu isaatin namootni dhufanii "harka qaxxaamuruun maal jechuu dha?" jedhanii na gaafatu turan. Yeroon hiikaasaa itti himus faranjootnifaa ni boo'u turan. Kanaaf akka malee isa dinqisifadha. BBC: Barumsa narsii maalirraan geessee jirta? Yeroo ammaatti fiigichaan ala hojii biraa qabdaa? Siifan: Barumsa narsii waggaa lama baradheen dhaabe. Yeroo kanatti fiigichaan ala wantan hojjedhus hin qabu. BBC: Dhiyoo kana shaampiyoonaa addunyaa irratti meetira 1,500 fi 10,000 warqee argatte. Keessattuu meetira 10,000 kan atileetotni Itoophiyaa ittin beekkaman mo'achuun kee hiikaa adda ta'e qabaa? Siifan: Eyyeen hiikaa adda ta'e naaf qaba. Ani fiigicha dheeraa marsaa isteediyeemii baay'atu hin jaaladhu. Kan nuffisiisu natti fakkaata. Kana duras hin fiigu jedheen ture. Leenjisaa kiyyatu bara darbe 10,000 ni fiigda naan jedhe. Anis fiigichi koo meetira 1,500 baay'ee badaa waan turef "of adabuun qaba" jedhee "tole" jedheen. Sana booda warqee argadhe… kolfa…. Kanaaf baay'ee itti gammadeera. BBC: Itoophiyaaf osoon fiigee jettee yaaddee beektaa? Qaamni Itoophiyaarraa si gaafateho jiraa? Siifan: Namni na gaggaafate jira. Gama kootin garuu osoon Itoophiyaaf fiigee jedhee hawwee hin beeku. Yoo biyyi Oromoon bilisa baate malee. Itoophiyaan ijoollee heddu qabdi. Isaanuma osoo qarqaaranii irratti hojjetanii nan inaafan ture. Garuu kanuma jiranirratti hin hojjenne. Fakkeenyaaf Yoomif Qajeelchaa walin hojjenna. Garuu rakkoo heddu keessa darbaa jira. Kanaafu Itoophiyaaf fiiguu hin hawwu. Sirumayyuu bagan achii bahen jedha. BBC: Fiigicha fageenya garaagaraa fiigda. Fageenyawwan kunneeninis milkaa'aa jirta. Sababnisaa maali? Siifan: Sababnisaa shaakallii sirriitti hoojjechuu dha. Obsa qabaachuni. Duraan obsa hin qabun ture. Dorgommii seenee nan muddamaan balleessaan ture. Bara 2017 as garuu yoon moo'es yoon mo'atames viidiyoo dorgomichaa irra deebi'een ilaala. Kanaafuu hin muddamu. Irra guddaa garuu sababni isaa shaakallii dha. Xiyyeeffannoo fi yeroo koos isumaaf kenna. BBC: Kunuunsi biyya Neezarlaanditti atileetif taasifamu maal fakkaata? Si kunuunsu? Siifan: Gama kilabiitin atileetotaaf deeggarsa gochuurratti Itoophiyaatu caala. Neezarlaand keessa waan akkasii hin qaban. Kilaba yoo ta'es situ waa kaffala. Kanaafuu hojjetaa fiiguu qabda. Garuu nama akka kootti bakka gaarii gaheef achi wayya. Federeeshinii walin wal hin loltu. Sa'aatin kee gaarii taanaan "maal sif goona? Kaampii kam deemta? Akkam sif goona?" jedhanii kan kunuunsan isaani. Leenjiif biyya biraa yoo deemtes "hoteela keef sif kaffalla. Nyaata keef sif kaffalla" jedhanii si kunuunsu. BBC: Atileetiksii erga eegaltee booda wanti buufatte maali? Atileetotni heddu investimantii irratti yeroo bobba'an mul'ata. Gama kanaan ati maalirra jirta? Siifan: Naannoo Rufaa'eeli [Finfinnee] fi Sulultaa lafa bitadheera. Ani atileetii reefu guddataa jirtu dha. Amma argataan jira malee akka warra duraanii sana birrii miiliyoona yookin biiliyoona warra kaayate sanaa miti… kolfa…. Gara fulduraatti hojii investimantii hojjechuun barbaada. Keessattuu naannoo Arsii naannoo Muunessaa magaalota xixxiqoo keessatti ofiif qofa osoo hin taanee ummata achi jiru sanaafis hojjechuun barbaada. Dubartoota cunqurfaman akkasumas ijoollee rakkoo keessa jiran qarqaarun barbaada. Qarshii ofif kuufachuu qofa osoo hin taane namallee qarqaartee ummanni sun gammadee arguun qabeenya tokko jedheen yaada. BBC: Atileetii sodaattu ni qabdaa? Siifan: … kolfa… Duraan atileetii osoo hin taanee fiigichan sodaadha ture. Mo'achuun barbaada. Tasa mo'atamuu hin barbaadu. Atileetin sodaadhu hin jiru. Atileetin cimtuudha jedhee yaadu Almaaz Ayyaanaati. Isheen baay'ee jabduu dha. Ishee nan dinqisiifadha. BBC: Afaan meeqa dubbachuu dandeessa? Siifan: …kolfa… Afaan Oromoo nan dubbadha …kolfa… afaan haadha kootiti. Afaan Dutch nan dubbadha. Afaan Ingliiziis nan dubbadha. Amaariffallee xiqqoo xiqqoo nan yaala. BBC: Miidiyaa hawwaasummaa kan akka facebook hin fayyadamtu. Maalifi? Siifan: Facebook nan fayyadaman ture. Ergan balleesse garuu waggaa lama ni ta'a. Yerookoo na jalaa fudhata. Yeroon fiigicha fiige al tokkon 'message' dhibba yookin kumaatu naaf ergama. Kanaaf sa'aatii isa ittin ilaalu hin qabu. Namni akka kootii of beeksisuuf miidiyaan hawwaasummaa isa barbaachisa. Ani garuu fiigicha irratti qofa cimtuu yoon ta'e na gaha. Namni na beekes beekuu baates… callisa… BBC: Gama gaa'elaatinhoo akkami? Bultii ijaarattee? Siifan: Nikaa dhiyoo kanan godhadhe. Ji'a jaha ni ta'a. Abbaan warraa koo immoo nama Wallaggaa Naqamteedha… kolfa… BBC: Leenjisaan kee duraanii Albeerton sababa dawaa nama jajjabeessun dorgommiirraa ittifamaniiru. Dhimmi kun miidhaa sirraan gahe qabaa? Siifan: Dhimmichi ana walin waan wal argu hin qabu. Dhimma waggaa kudhan dura uummame. Ani Albeertoon nama gaarii, nama namaaf yaadu ta'uu isaan beeka. Atileetota baay'ee gargaara. Guyyaa ayyaanaallee atileetota shaakalsiisa. Ergan ani isa bira deemee waggaa lama. Isa bira deemuu koon durallee sa'aatin [kan dorgommii] koos gaari ture. Meedaaliyas nan qaban ture. Ani bar ganamaa galgala na qoratu. Ispoortii qulqulluuttin amana. Garuu dhimmichi baay'ee na gaddisiise. Xinsammuu koollee na miidhera. BBC: Amma leenjisaa haaraa argatteertaa? Siifan: Eeyyeen. Manaajarri koo leenjisaa haaraa nuf argateera. Ameerikaa keessa. Maqaa leenjisichaa nan dagadhe. BBC: Dorgommii Olompikii bara 2020f qophaa'aa jirtaa? Fageenya kan irratti dorgomuuf yaadde? Siifan: Akkuma baranaa damee hundarratti nan qophaa'a. Meetira 800 hanga 10,000 nan hojjedha. Haa ta'u malee, yeroo sana irratti kam irratti cimaa akkan ta'u nan ilaala. Garuu meetira 5,000 fi 10,000 kanin filadhu natti fakkaata. BBC: Galatoomi. Siifan: Waan na affeertanif isinis galatoomaa… kolfa…
oduu-50217981
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50217981
Dubartoota halkan guyyaan cidhasaanii diigamuu gaa'ela isaaniif sababa ta'e
Dubartoonni halkan guyyaa cidha isaanii guyyaa gammachuu isaaniif ta'uun osoo irra jiraatu jireenya gaa'ela isaanii kan jalaa balleesse himatan jiru.
Addunyaa kamirrattiyyu cidhi yeroo gammachuu ta'ullee sirni gaa'elaa garuu kan qoor-qalbiin namaa irratti cabu yeroo itti ta'us ni jiraata. Biyyoota Arabaa hedduu keessatti dubartoonni yeroo heeruman durbummaa isaanii akka eeggatanii dhiyaatan irraa egama. BBC Afaan Arabaa waa'ee dhiibbaa halkan guyyaa gaa'ilasaaniifi dhiibbaawwan hawaasummaa hedduurratti dubartoota dubbiseera. Keessattu hanqinni barnoota waa'ee saal quunamtii attamiin akka jireenya gaa'ilaasaanii hube dubbatu. Suuraan asii gadii kunis dubartii guyyaa gaa'ilasheetti jireenyi ishee haala hindheegamneen gaddatti geeddarameedha. Somayyaa - umurii 23 Somayyaan nama ofiisheetii akka abbaa warraatti itti heerumuuf filattee turte Ibraahimitti akka hinherumneef waan didaniif maatii waliin walitti bu'aa turte. Haa ta'u malee, akkuma abjuun ishee dhugoomuuf jirutti wanti hin eegin tokko ishee mudate. Innis guyyaa gaa'ila ishee halkan jalqabaa kan akka ''halkan seensaatti beekamu'' wal biratti dabarsaniitti, waa'ee 'dubara' ta'ushee akka shakku itti hime. Akka barattuu Yunivarsiitii Damaasqoo, kan Sooriyaa keessaa, Somayyaan umurii 23 barnoota ishee gosa barnootaa ogbarruu afaan Arabaatiin xumuruutti dhiyaatte turte. Haa ta'u malees, osoo xumura barnootaa ishee hin dhugomsatiin Ibraahim kan barumsashee xumuruuf eebbifamu irraa homtuu akka hindhorkine itti hime waliin walitti dhufeenya uumte jirti. Akka gaa'ilichi gaggeeffamuuf didaan maatiisheetiin alatti, baruumsashee waan hinxummurreefi mana mataashee waan hinqabaanneef baay'ee gaddite Somayyaan. Isheenis Ibraahim amanuun jaalalaan itti heerumte. Kan biraa hafee haadha isaa fi maatii isaa guutuu waliin jiraachuuf waadaa seentee turte. Haa ta'u malee, halkan gaa'ila ishee waan hineegin ishee mudate. Abbaan warraashee haaraan ''osoo isheef yeroo hinkenniin, dirqiidhaan quunnamtii irratti raawwateen. Kanas jaalalli inni isheef qabuu karaa kanaan mirkannaa'a jedha.'' ''Anis hindidne ture,'' jetti Somaayyaan ''garuu osoon ani hindidin komii narratti dhiyeesse.'' 'Jaalanni battalumatti kan hurge fakkaata' Jaalalli kan battalumatti hurgu fakkaata. Bifti fuulasaafi haalli itti dubbatu battalumatti geeddarame, innis waan dhiiga dhabeefu waan akka isheen dubara hintaane yaadeetti akka itti dhagahame dubbatti. Innis ''dhiigni homtuu hinjiru,' jedhe. Dubartoonni baay'een sadarkaa garaa garaatiin ni dhiigu wayita yeroo jalqabaatiif quunnamtii saalaa raawwatan. Garuu, akka hakimoonniifi ekipartoonni jedhaniitti dhiiguun dubartoota hunda irratti hin mul'atu. Qaamni durbummaa dubartii mullistuufi Afaan Ingiliziin 'hymen' jedhamuus baayyeefi garaagara. Tokko tokkoos wallaansaa yoo ta'e malee tole jedhee hinseenamu. Kuun ammoo baayyee haphii waan ta'aniifu osuma dhiiga hinagarsiisiin seenama. Shamarran tokko tokkos kana malee dhalatu ykn kan kaan ammoo wayita ijoollummaa isaanitti rakkina isaan mudate wayitiin jalaa cabu danda'a. Miira abbaa warraashee wayita ibsituus Somayyaan, ''akka waan eboon wayi laphee kiyya keessatti na waraaneetti natti dhagahame. Osoon hinbeekiin na ajjeesse.'' Isaan boodas ''gonkumaa natti dubbachuuf hin barbaadne. Anis akkan waan dagatameefi murtee eegadhuutti natti dhagahame. Heerumaan dura garuu waan baay'ee waliin mari'anneera. Waa'ee halkan cidha keenyaa kan guyyaa gammachuu jireenya keenyaa ilaalchisunilleen haasofne turre.'' "Nutis waa'ee tokko tokko keenyaa sirriitti kan beeknu natti fakkaate ture. Garuu yoo mallattoon 'dubarummaa' mullachu didnaan waan hundu karaa foddaan kan badee natti fakkaata.'' 'Ansoolaa dhiigaan makame' Taateen akkasiis hawaasa ishee keessatti kan barame ta'ulleen, Soomayyaan ofiisheetiin kana kan ishee mudatu itti fakkaate hinbeektu ture. Tarii dhiiroonni dargaggoon waan ilaalchisaanii geeddarameefi warra akkayyoofi abaabilee isaanii irraa adda ta'aniifu waan akkasii kan dhaloota ishee mudatu itti hinfakkaanne ture. Kana biraatti ammoo kaadhiimaan ishee nama barate, nama qajeelaafi yunivarsitiitti kan barate waan ta'eef rakkina akkasii yaadeetu hinbeektu ture. Garuu guyyaa lammataa gaa'ila isaaniitti akka waa'ee durbummaashee mirkanneessuuf doktora bira dhaqu akka qaban gaafatuun baayyee naate. Dubartootaaf durbumman qabaachu sakkata'uun gocha aadaa durii ture. Akkasumas malli fi meeshaan ittiin durbummaan sakkata'amu hawaasaa gara hawaasaatti adda adda ta'u mala. Maatii baayyee dubbi harbeessu biratti, 'maarabii dhiigaa' aragsiisuun durbummaa intalaa faarsuun nkan barameedha. Akkasumas sirna addaa bakka itti qophaa'us ni jiraata. Gama biraatiin ammoo haala wallaansaafi haala namtolchee ta'een kan mallattoo dubarummaa kan ta'e 'hymen' deebiifame itti tolfamu jira. garuu ammoo dubartoonni akka Roozaanaa sababiidhuma kanaatiin maqaa kanajaatiin haalli du'aaf itti saaxilaman jira. 'Quunnamtii raawwachu akka waan badaatti' Guyyaa lamataatti wayita hakiima gadaamessaa bira dhaqaniitti, Somayyaa umamaan hymen ishee baayyee furdaa waan ta'eef yoo karaa gadaameessatiin yoo desse qofaa akka baqaquu danda'u itti himame. Abbaan warraashee afuura boqonnaa baafachuun kolfi fuulasaarratti mullate. Garuu kun baayyee tureera waan ta'eef, Somaayaan sammushee qopheessite waan amma danda'ameefiin dafte adda bahuuf murteessite jirti. Alkan sana booda ilaalchiin annisaaf qabu akkamiin akka geeddarame akkan itti ibsu hinqabu, jetti miirashe wayita ibsitu. ''Kanaafu isaannbooda isa waliin jiraachuuf yaaduun natti olfaate. Eenyummaa kiyyaa foonii xiqqashuu gadameessa kiyya keessaatiin wal qixxeessu isaatiif keessa kiyyatu cabe,'' jetti. Ergasii kaasees, mirrii Somayyaa baayyee gadi bu'e. Namoota ishee gaaffachuuf dhufan baqachuun eessayyuu baahu dhiifte. Waanti hundinu alkanuma guyyaa sanaa waan deemeef kana booda isa waliin jiraachu hinbarbaadu kan jettu Somayyaan, wayitan isa waliin wayitan quunnamtii saalaa raawwadhuuttis akkan waan badaatti iaaluun eegale jetti. Gorsa alakan cidhaa Somayyaan hawaasa ishee keessatti seenaa addaa qabdi. Seenaa kan ishee kanas kan fakkaatu kan qaban mana kessatti ukkaamfamanii jirani hedduutu jiru. Rakkoon dhimmoot akkasii ifatti mariyachuu dhiisuu kun ammoo isaanirra darbee hanga ijoolleetti darbuun miidhaa uuma. Ogeetiin qoor-qalbii Amaal al-Hamii turtii BBC waliin taasisteen waa'ee halkan gaafa gaa'ela ishee mudate dubbatti. Muuxannoofi barumsa qabduunis, namoota gaa'ela dhaabbachuudhaaf deemanis rakkoo osoo hin eegiin erga gaa'ela keessa seenanii isaan mudachuu malu akkamiin akka dandamachuu qabanirrattis ni gorsiti. Akka ogeettiin kun jettutti osoo gaa'elaaf guyyaa cidha isaanii walitti hin dhufiin dura gorsa argachuu qabu. Aanaa ifatti waliin mariyachuufi wal dhaggeeffachuu, akkasumas itillee irratti fedha waliin waliif baruun murteessaadha jetti. "Alkan gaafa cidhaaf sammuu isaanii of qopheessuu qabu. Kana ammoo odeeffannoo barbaachisaa kan dhimma dhuunfaadha jedhamellee, fedhaafi waan waltti dhufeenya keessatti itti gammadan osoo hin dhoksiin walitti himuun barbaachisaadha. Yeroo durbummaan fudhatamutti akka miidhaa umurii guutuu hin uumnetti of eeggachuu barbaachisa. Akkas gochuudhaan halkan gaafa cidhaa kan dhukkubbiin yaadatamu caalaa kan gammachuudhaan yaadatamu gochuun ni danda'ama." BBC'n dhiirota 20 guyyaa jalqabaa yeroo dubartii qunnaman "yoo mallattoo durbummaa dhabuu isaan mudate" akkamiin keessummeessuu qabu kan jedhu gaafatee ture. Dhiironni kunneen umuriin isaanii waggaa 20fi 45 yoo ta'an ogummwwan akka barsiisummaa, akaadaamiifi doktora waan ta'anii namoota dhimma kana irratti "bilisaan ni dubbatu" jedhamanii amanamanidha. Deebiin isaan kennan gara caalaan isaa kallattiinis ta'e kallattiitiin ala qajeelaa iti ykn gegatiiviidha. Namoonni kunneen garri caalaan akka durbummaa qabdu mirkaneeffachuuf "dhiigni jiraachuu qaba" jedhan. Kun ammo hangama akka isheen amanamtuu taateefi jireenya gara fuula duraafis amanamtuu akka ishee ta'uu dandeessuuf agarsiiftuudha jedhanii amanu. Ji'oota muraasa booda, Somayyaan abbaa manaa ishee waliin wal hiikuu qabna jechuun gaaffii dhiyeessite. Murtee gaa'ela diiguu fedhuu ishee kanas kan keessa hin deebine akka ture dubbatti. Sabababiin isaas, isa waliin yoo jiraattee lubbuu isheetiif akka sodaattutti yaaddi. Erga halkan guyyaa cidhaa sodaachisaafi dhukkubsaa waliin dabarsite jalalliifi garaa laafuun keessoo kootti hin hafne jetti. Abbaan manaa ishee kun garuu hedduu rifachuun akka gaa'ela isaa hin diigneefi waan gochuu qabu gaafate. "Hawwaasni kenya bifa lama qaba. Yeroo dhiironni saalqunnamtiirratti akka garaa isaa namatti fayyadamu ni jajama, ciminaanis faarfama. Yoo dubartootaaf ta'e garuu, amalli akkasii akka hawwaasa keessaa baatu ishee taasisa. Kanarra darbeeyyu yerooo tokko tokko hanga adabamuuttillee ni geessisa." "Abbaan manaa koos nama akkasiidha. Hiriyyoota isaa biratti waa'ee seenaa saal-qunnamtii irratti qabu ni dhaadata, of jajata. Ani garuu yoon waanuma xiqqoo akka qoosaatiin dubbadhe garuu haariitiin lafa qala," jetti Somayyaan. Erga maatiin ishee akka isheen gaa'ela ishee diiguu hin qabneef dhorkanii booda, Somayyaan Waxabajji darbe Sooriyaa gadi dhiistee Awurooppatti baqatte. Rozaanaan ammoo kaadhimaa ishee waggoota shaniif waliin turterraa maaliif akka adda baate dubbatte. "Ani isa nan amana sirriittis nan jaalladha. Yeroo walqunnamnu keessatti, inni anaan akka saalqunnamtiif na barbaadutti na dhiyeessa. Ani egaa akkuman haadha warraa isaa ta'ettan ilaalan ture. Garuu yeroo hedduu osoo addaan hin kutiin waan na gaafatuuf guyyaa tokko dabarseen isatti of kenne. Ji'a ja'aan booda, garuu maatiin isheefi maatiin kaadhimaashee kun waldhabdee guddaa keesa seenan. Erga isaan lamaan waldhiisanii ammoo balaa guddaatu uumame. "Hawwaasa keenya keessatti, dubartiin tokko durbummaa yoo hin qabaanne, adabbiin dhufaa darbaa jira kan irratti falmiin hin gaggeeffamnedha. Yeroo tokko tokko hanga "lubbuun darbuu danda'utti" geessisuu danda'a jetti. "Akka carraa ta'ee garuu hiriyyaan koo tokko kan na gargaarte turte. Akka ani gara mana wallaansa baqaqasanii hodhuu naannootti argamuu tokkoo deemee durbummaa Chaayinaan omishtuun bakka buufadhu na gorsite. Osoon mala wallaansa baqaqasanii hodhuu kanaan hin falanne ta'ee silaa yoona du'eera." Biyyoota Arabaafi Musliimaa hedduu keessatti, dubatoonni baayyeenb osoo hin eerumiin dura qorannoo durbummaa taasisuu qabu. Qorannoo kanaan boodas, dubartiin eerumaaf qophoofte waraqaa ragaa akka durbummaa qabdu mirkaneessutu kennamaaf. Dhaabbanni mirgoota namoomaa Huuman Raayitis waach jedhamu gocha "qorannoo durbummaa" dhukkubbii hamaa qabu kana gaggeessuu biyya Indoneeshiyaafi biyyoota Arabaa biroo keessatti taasifamu ni balaalleffata. Dubartoonni umuriin isaanii bubbuleeru yeroo baayyee qorannoo durbummaa dubartootarratti gaggeessu. Qorannoo kanas kan gaggeessan quba isaanii lama qaama walhormaataa dubartootaa keessa galchuudhaan durbummaan akka jiruufi hin jirre sakatta'u. Akka qorannoo BBC'n gaggeessetti biyyoonni akka Indiyaa, Afgaanistaan, Baangiladish, Iraan, Masirii, Jordaan, Liibiyaa, Morookoofi biyyoonni Arabaa biroon akkasumas Afrikaan Kibbaa qorannoo durbummaa taasisuudhaan durarra jiru.
oduu-50457052
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50457052
Miidhama qaamaa: Dhaabbata Tekkii kan namoota dhageettii dhabaniin gaggeeffamu
Shamarree Mimmii Laggasa osoo mana barnootaa Alfaa ijoollee dhagahuurratti rakkina qabaniitti barataa jirtu nama lammii Siwizarlaandiifi Itoophiyaa ta'e tokko waliin wal agarte.
Namni kunis namoota dhageettii irratti rakkina qaban walitti qabuun dhaabbata tokko baasii maallaaqa miliyoona sadiittin hundeessuu kan kaayyeeffate ture. Dhaabbata guddiftoota daa'imaanii keessatti kan guddatte Miimmiin, namoota lama waliin ta'uun dhaabbata waraqaarraa boorsaa omishuu dhaabuuf yaada wixinneessan. Hojiii namoota dhaggeettii irratti rakkina qaban hirmaachisuun alattis, naannoo faalama pilaastikaa irraa eeguuf kan yaadameedha. Mimmiin erga dhaabbata keessatti guddattee baateen booda kuulaan shuraabii, koffiyaa fi boorsaa hojjataa turte. Akkasumas oggummaa kanas namoota rakkina akka ishee qaban barsiisaa turte. Haa ta'u malee gabaan hojii kanaa akka yaadamee baayyee kan hawwatu hin turre. kanaafuu Mimmiin yerooshee gutuu hojii kuulaan hojjattuurraa gara omishaa waraqaatti geeddarte. Haaluma kanaanis dhaabbanni Teekkii jedhamu waggaa sadiin dura hundeeffame. Shamarree Maskaram Bayyanaa ammoo ijoollee dhaggeettii irratti rakkina qabana waliin waan guddatteef hiiktuu afaan mallattoo taate. Booda keessas dhaabbatta Teekii keessatti hirmaachu eegate. Ammaan tanas Mimmii fi Maskaram hojii gaggeessitoota dhaabbata Takkii ta'uun hojjataa jiru. Miimmiin nama afaan mallattoo hiikuuf waliin ta'un eddoowwan garaa garaatti socha'uun borsaa waraqaa irraa hojjatame beeksiifti. Haaluma walfakkatuunis gaaffii BBC irraa dhiyaatuu wayita Mimmiin mallattoon deebiiftu, Maskaram hiikuun waa'ee dhaabbata isaanii nutti himaniiru. Gaaffii hammatamuu? Itoophiyaa keessatti dhaabbileen mootummaas tahe dhuunfaa qaama miidhamtoota kan hammatan miti jedhamuun qeeqamu. Qaama miidhamtoota qacaruuf fedhii dhabuu irraa eegalee yoo qacaranis haala miijataa uumuufi dhabuun rakkoo isa guddaadha. Teekiin dhaabbata haala kana fooyyessuuf hojjetu yoo tahu keessumattuu dubartoota rakkoo dhageettii qabana qacaruun hojjechiisa. Maskaram akka jettutti dhaabbileen qaama miidhamtoota hammachuu dhabuun rakkoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane kan adunyaa kanaati. Dhaabbileen qaama miidhamtoota qacaruuf gaafa yaadan sodaan guutamu. Namoota rakkoo dhaggeettii qabaniif nama afaan mallattoon hiiku qacaruun baasii dabalataa isaan gaafata. ''Daldalaa biras tahe hawwaasa bira rakkoon hubannaa waan jiruuf qaamni miidhamtootni akka namoota qaama guutuu qabanii hojjetu jedhanii waan hin eegneef hojii keessatti hammachuun hin yaadamu.'' Rakkoon gara biraan bakki hojii hammam qaama miidhamtootaaf mijataadha kan jedhus dabalata. Meeqan isaaniitu Raampi [ karaa ol bahaniifi bu'an] qaba? Miimmin akka jettutti namoota rakkoo dhaggeettii qaban biratti rakkinichi manumea eegala. Maatiin afaan mallattoo hedduu waan hin dandeenyeef ijoolleen rakkoo dhageettii qaban odeeffanno malee guddatu. Lafa hojiittis akkasuma. ''Warri rakkoo dhaggeettii qaban waan qoollifatamaniif yeroo baay'ee qofaa isaanii taa'u. Tiikii keessatti garuu tokko isa biraa ilaalee qofaa koo miti jechuun miidhaa isaa salphisee akka ilaalu taasifama. Odeeffannoos arganna. Kun ammo ofitti amanamummaa keenya dabala.'' Waggaa sadii dura kan hundaa'e Tekiin dhaabbata borsaa waraqaa oomishudha. Furmaanni maali? Dhaabbanni 60% qaama miidhamtoota qacaree hojjechiisu VAT irraa bilisa taha labsiin jedhu hammachuu kan jedhu kana kan jajabeessu tahu hojii irra oolmaa isaa irratti garuu hanqinni jiraachuu dubbatti. 60% qaama miidhamtoota qacarree VAT irraa bilisa tahuuf gaafannus adeemsa dheeraatu nu mudate. Ji'a torbaaf deemnee odiitii raawwannee ammallee hin xumuriin jirra. Mootummaanis labsicha hojii irra oolchuuf adeemsicha salphisuu akka qabu dubbatti Miimmiin. Kana malees meeshaalee alaa galan qaraxa irraa bilisa gochuun fi deeggarsa biraa kennuun dhaabbileen hedduun akka qaama miidhamtoota qacaruuf onnatan taasisa jetti. Qaama miidhamtootni beeksisa hojii bahe tokko irratti raga barnootaa barbaachisu dhiyeeffatanis warri qacaran carraa isaa hin kennaniif.Dhaabbileen qacaraniifi hoggantootni kana irratti hubannaa gahaa argachuu qabu jechuun dubbatti. Imala gara eegumasa naannootti Seera waggoota sadiin booda hojiirra akka olfamu himameen Itoophiyaan faalama naannoo ittisuuf omishaalee pilaastikaa dhorkuuf karoora qabaachu ifa taasifte jirti. Biyya olaa kan taate Keenyaa dabalatee omisha pilaasitikaa kana biyyoonni hedduun dhorkaniiru. Dhaabbanni Takkii kunis haala kana dursuun omishaa boorsaa isaa beeksiisuu eegaleera. Mimmiin garuu hojiichi cimaa ta'usaa himti. Fakkeenyaa abbootii qabeenyaa suuqii omisha pilaastikaa gatii gadaanaan omishamu filatu. ''Dhimma bilisaan kenninu maaliifan bu'aa kiyyaa dabarsee kennaa jechuun gaabbuu'' jetti. Boorsaan waraqaa kan pilaastikaa irraa gatiin dabaluu illeen gummaanni inni eegumsa naannootiif qabaatu salphaa akka hintaane dubbachuun, yaalii taasisu. Dhaabbileen muraasni omishaa isaanii yoo qoodaniif, dhuunfaan kan irraa bitanis jiraachu dubbatu. gama buaatiin kan deemsiisu yoo ta'u baateelleen gara fuula duraatti haalli ni geedarama abdii jedhuun akka qaban dubbatti Miimmiin. ''Bu'aa keenya baayyee gadaanaa ta'ee osoo hojjannu boru hubannon namootaa yoo cimu ni gurgurra. kan eegaleessi kaayyoo eegumsa naannoofi hawaasummaa qabanneeti,'' jetti. Tibba tokkoottis Imbaasii Siwiizarlaand waliin wal ta'uun, daabbilee dubartoota hojii umtootaan dhaabbateen boorsaa waraqaa bilisaan raabsanii turan. Kana caalaas suuqiiwwan akka faarmaasiifi omishooti nyaataa (baaltinnaa) tti fudhatame argateera jetti. Teekin hanga ammaatti borsaa waraqaa kuma 395 oomisheera. Namoonni yoo waan xixxiqqaa bitattan qabduu akka isaan omishaniitiin qabachu barbaadu. Akkasumas namoonni qorichoota akka hinbeekamne barbaada faarmaasii yoo bitaniitti itti qabachu barbaadan ni jiru. Gara fuula duraatti omishinni pilaastikii wayita dhorkamuutti dhaabbilee hedduun gara omisha waraqaatti ni deebii'u jedhamee eegama. Kunis dhaabbata Takkii rakkina keessa galchu mala ta'a. Mimmiin akka jettuutti, damee omishaa borsaa waraqaatiin namoota qaama miidhamtootaaf dursi kennamu qabaata. Kunis namoota kuma hedduu hojii dhaban deegaruun ni danda'ama. ''Dameen kun osoo namoota qaama miidhamanii kenname rakkina hojii dhabummaa hiiku danda'a. garuu ammoo maashiniin ni barbaachisa. garuu qaama miidhamtoonnihaala salphaa ta'een hojjachu danda'u. Ilaalcha namootaa geedaruufi motummaa amansiisuuf walgahii gaggeessuuf yaadnee jirra.'' Jalqabbii Teekii Dhaanni Teekii namoota rakkoo dhaggeettii qaban 18'n socho'aa jira. Hanga ammaatti borsaa kan waraqaa kuma 900 fi kuma 35 ol oomishaniiru. Miimmiin akka jettutt dhiyeessiin meeshaalee dheedhii oomishaaf oolanii gabaa irratti qaala'uun rakkoo akka itti tahe dubbatu Miimmii fi Maskaram. Hanga ammaatti osoo VAT irraa bilisa taaneerra tahee gatii isaa hir'isuun akka namootni bitan gochuu dandeenya ture. Gabaa keessattis dorgomtoota tahuu dandeenya turre jetti Miimmiin. Kanaan dura Itoophiyaa keessatti waraqaa meeshaalee gataman irraa irra deebiin hojjetaman fayyadamna ture. Sababa hanqina sharafa alaan keemikaalli waraqichi ittiin hojjetamu dhabamuu irraa kan ka'e Qulqullini oomishaa waan gadi bu'eef yeroo muraasaaf oomisha dhaabanii akka ture himan. Rakkoon biraan kaasan ammoo lafa oomishaa yoo tahu kan Kanaan dura itti hojjechaa turan handhuura Finfinnee irraa fagoo waan taheef oomisha isaanii dedeebisuuf akka isaan rakkisu dubbatti Miimmiin. Tekiin eegumsa naannoo fi tajaajila hawwaasaa hammateera. Dabalataan bakkichi mana jireenyaaf kan kenname waan taheef bakka kuusaa hin qabnu ture jedhan. Amma garuu naannoo Gootaraa jedhamuun beekamuu gamoo mootummaan Iterprayizii Maayikiroo xixiqqaaf qopheesse irraa gatii gadi bu'aan kirayii fudhatanii akka hojjechaa jiran himan. Haa tahu malee gamoo irra tahuun isaa oomisha dedebisuuf namoota [Wheel Chair] fi kiraanchii fayyadamaniif mijataa miti jedhan. Miimmiifi Maskaram waggoota sadan dhufanitti borsaa waraqaa miliyoona shan rabsuun namoota 100 tahaniif carraa hojii uumuuf karoora akka qabanis himnaiiru.
oduu-56487512
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56487512
Dr Masfin Shimallis: Dargaggeessa hojjataa guyyaa irraa ka'e hakiima ta'e
Jireenya keessatti namni hin qoramne hin jiru. Qormaata kana dandamatanii obsaan kan keessa darban garuu muraasadha. Dr Masfin Shimallis namoota jajjaboo akkanaa keessa isa tokkodha.
Masfin maatii isaaf ijoollee saddeet keessaa isa shanaffaadha. Lamaan isaani haadha tokkorraa yoo ta'an kan hafan ammoo haadha biraa irraa dhalatani. Maatiichi kan bulu loltuu Dargii kan turan abbaan isaanii galii isaan fidaniin ture. Obbo Shimallis Kaampii Kibbaa keessa yeroo turanitti baruumsa wayyaa hodhuu barataniin hojachaa turani. Kana jidduutti yeroo dhukkubsatan, Masfin barataa kutaa 4ffaa ture. Dhukkubni Obbo Shimallis kan sammuu waliin wal qabate waan tureef hojii isaanii itti fufuu hin dandeenye. Lubbuu isaanii oolchuuf gara ji'oottan ja'aaf maatiin hundi hojjachaa, karaa wal'aansaan, amantaanis ta'e aadaan wanti yaalame hundi hin milkaa'iin hafe. Maatinis rakkoo keessatti kufani. Hundi isaanii gama danda'aniin mana isaani sirreeffachuuf sosocho'uu eegalani. Abbaa warraa isaanii waliin wal hiikanii badiyyaa jiraachaa kan turan harmeen Masfin, ijoollee isaanii barsiifachuuf gara Dasseetti deebi'anii hojjattuu manaa ta'anii qacaramanii hojjachuu eegalani. Kaan waan beekaniin hojii harkaa hojjachuu eegalani. Obboleessi isaa hangafaa buttaagaazii suphee gurguruu eegale. Harmeen isaan guddistus hojii hodhaa wayyaa abbaan isaanii dhiisee deebiste eegalte. Ta'us garuu oggummaa isaa waan hin qabniif ni kaasarte. Yeroo kanatti obboleessi isaa hangafaa barumsa isaa addaan kutuuf dirqame. Ilmi inni hangafaa wayyaa uffatame gurguruu eegale. Inni tokko immoo mana hojii sibiilaa seene. Masfinis akkuma maatii isaa hojii hin filanne. Barataa kutaa afraffaa ta'ee utuu jiru, humna ijoollummaan hojii sibiilaa eegale. Haala kana keessatti obboleessi isaa barumsa itti fufuu dadhabus, Masfin garuu guyyaa walakkaa garaajii keessa hojjechaa guyyaa walakkaa ammoo barnoota isaa itti fufe. Ta'us innis barumsa isaa kan barachaa ture addaan kutuurra kan hin hanqanne ture. Ji'a tokko yoo barate ji'a tokkoof ammoo kutaa hin seenu ture. Akkanaan jireenya itti fufe. Obboleessi isaa galgala galgala suphee kan hin fixne maandajaa kasalaa fi buttaagaazii moofaa, Masfin ganamaan ka'e suphee xumuree, gurguree, maallaqaa isaa obboleessa isaatti kennee achumaan gara mana barnootaa deema. Nannoosaatti Masfin akka nama qaxalee fi cimaatti ilaalama. Namootni hedduu eegeree isaa irratti abdii qabu turani. Masfin "Gaash Mohammed" jedhee namni waamun tokko guddaa akka isa jajjabeessaa turan ni yaadata. "Bona keessa waanan hojjedhe fudhee deeme yeroon itti gurguru natti dheekkamu turani. 'Ganna keessa hojjachuu qabda' jechuun xiqqoollee yoo taatee maallaqa naaf kennuu turani," jedha. "Ati hakiima taata" jedhuun turani. Hiriyyoota isaa waliin hojjatan keessaa barumsaan kan isaa waliin fufan jiraachuu baatanis, hanga dandeettii isaanitti garuu isa ni gargaaru turani. Harmeen isaas mana namaa keessa hojjachaa maallaqa argataniin dabtarii fi yuniformiin mana barumsa akka itti hin hanqanne taasisaniiru. 'Harmeenkoo akka ijoollee "koottu" jedhamaa yeroo ergamtu ilaaluun na dhukkubsa ture' Masfin dhalatee kan guddate magaalaa Dassee naannoo Imbirtii Araadaa jedhamutti. Barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa Mana barnootaa Manbar Tsahaayitti, sadarkaa lammaaffaa ammoo Nigus Mikaa'elitti baratee, barumsa qophaa'inaa isaa ammoo mana barumsaa Hoxeetti barate. Baratee rakkoo maatii isaa furuun hawwii isaa ture. Qormaata jireenya isaatti isa mudate geeddaruu barbaada ture. Abbaansaa rakkoo fayyaa sammuu isaan mudateen, namoonni ''abbaansaa maraataadha'' jecha jedhan jijjiiruu barbaada ture. Oggaa harmeesaa gaafachuuf deemuttis; akka ijoolleetti 'as koottu' jedhamaa asiifi achi ergamaa wayita ilaalu isaaf dhukkubbii ture. Kana geeddaruuf ammoo filannoo tokkochi inni qabu barumsa ture. Haala kanaan qormaata kutaa saddeettaffaa qabxii 99 fiduun kutaa itti aanutti darbe. Kutaa 9ffaa fi 10ffaattis kutaa isaa keessaas mana baruumsaa guutuu irraas tokkoffaa ba'uun xumure. Akka inni jedhutti mana baruumsa inni itti qormaata biyyaleessa kurnaaffaa itti qorame keessatti barataan barnoota hundaan 'A' argate isa ture. Ta'us garuu kurta 11ffaatti seemisteera jalqabaa irratti lammaffaa yeroo ba'u, adeemsa kanaan baruumsa ogummaa fayyaa argachuu dhiisuun danda'a shakkii jedhu itti uume. Kutaa 12ffaatti addaan kute, seeraan of qopheessee qormaata qorame. Yeroo kanattis qabxii olaanaa jedhamu 546 argachuun barumsa ogummaa fayyaa barachuuf Yunivarsitii Gondar seene. Jireenya Yunivarsiitii... Barnootni hakiimummaa boqonnaa hinqabu. Baasii hedduus qaba. Kana guutuuf yeroo boqonnaasaatti gara maatii deemuun buttaagaazii fi maandajaa kasalaa moofaa suphuutti deebiya. Achiis hojii suphaa kanaan maallaqa qusateen, wantoota barnootaaf isa barbaachisan guuttata. Wayita kanatti Maatiinsaa bicuus taatu isa gargaaru turan. Tahus garuu of gargaaruun waan isarra turef, hojjechuurraa boodatti hin deebi'u. Wayita barataa waggaa sadaffaa turetti, ogummaa sibilaan hojii guyyaa mooraa keessatti hojjeteera. Qormaati isa mudate kan maallaqaa qofa hin turre, kan hamilees ture. Yunivarsiitiin jaarmiyaa barattoonni sadarkaa diinagdee garagaraa irra jiran bakka itti baratanidha. Tokko tokko hojii guyya guyyaa hojjetee barata. Gama biraatin ammoo kanneen hoteelarraa nyaachaafi bulaa baratanis jiru. Kuni kanneen rakkoo keessa taa'anii barataniif dhiibbaan inni xiinsamuurratti qabu salphaa miti. Kana dandamachuuf cimina sammuu biraa gaafata. Masfin ''Harmeen koo Finfinneetti maatii biratti qacaramtee hojjettu, ijjooleensaanii ana waliin barata ture,'' jedha. Finfinneerraa oggaa dhufus nyaata fideefii dhufa ture. ''Itti dhagahama jedheetu taha natti fakkaata, yeroo hedduu wal hinagarru. Gaafa waanti tahe naaf ergamu natti kenne deebiya ture.'' Dr Masfin barnoota hakiimummaa kan xumure qabxii 3.34 galmeessisuun ture. ''Gaafa guyyaa eebba kootii abbaan koo booyaa oole; waan sana hunda dabarsuu kootti gammadoodha,'' jedha. Abjuu Dr Masfin... Dr. Masfin dirree gadameessaafi ulfaan ogummaasaa guddisuu fedha. Fayyaa sammuu abbaasaa wajjin walqabatee, fayyaa sammuu barachuu barbaada ture. Yaadni isaa kun kan jijjiirame shaakala hojiif erga bahe boodadha. Kanaafis sababa lama kaasa. ''Ogummaan kun dhiiga wajjin walqabata. Bu'aansaa garuu gammachuu namaa kenna. Shaakalaaf ganna tokko wayitan hojjechaa turetti, gammadeen hojjedha ture,'' jedha Dr Masfin. Sababnisaa inni dhibiin ammoo, haadholii yaalii fayyaa argachuuf Kamiseefi Affaar irraa gara magaalaa Dassee dhufan arguuni. Naannolee kanatti haadholiin dhaqna qabaaf kan saaxilaman waan tahaniif, yeroo dahumsaatti guddoo rakkatu. Kanaafis ogummaa isaatiin rakkoosaanii hir'isuuf kaayyeeffachuun jechadha. 'Dhukkubsataan hakiima barbaada; hakiimni ammoo hojii barbaada...' Dr Masfin Shimallis guyyaa eebbasaa maatiisaa wajjin Dr Masfin erga eebbifame ji'ootni ya dabran. Ogummaa bu'aa itti dabarse wajjin garuu wal hin agarre. Hojii barbaachatti jira. ''Amma dura Ministeerri Fayyaa Hakiima Waliigalaa [hojiitti] ramada ture. Amma garuu 'bajata hinqabnu' jechuun ramaddii dhaabaniiru,'' jedha Dr Masfin. Ofiisaatiinis hojii barbaadeera. Kombolchaa Qajeelcha Maatii keessa tolaan tajaajila. Obbolootasaa wajjin tahuun manaa manarra deemuun, hojii kunuunsa fayyaa laachuu jalqabuuf socho'aa jira. Tahus garuu heeyyama baafachuuf yoo xiqqaate muuxannoon hojii ganna lamaa si barbaachisa jedhamuusaa hima. ''Yunivarsiitii nuti baranne keessa hakiimni sun hundi otoo jiruu, guyyaatti dhukkubsattoota 30 argina turre. Dhukkubsataan kun hundi otoo jiruu, bajataaf jecha hakiima ramaduu hin dandeenyu jechuun nama dhiba. Bu'aa bayii sana hunda dabarsanii, hojii argachuu dadhabuun nama dhukkubsa,'' jedha. ''Gara biyyoota ollaatti deemanii hojjechuun ni dandayama, tahus garuu sirna amma jiruun kunis hin danda'amu,'' jechuun yaaddoo keessa akka jiru hima. Akka Dr Masfin jedhutti, akkuma yeroon dheerachaa adeemu, ogummaas irraanfachuutu dhufa. Ofiis beekumsa haarayaan kan gabbisuun dandayamu hojiirra ta'anii 'keezii' argamuuni jedha. ''Abdiin maatii gaafa dukkanaa'u arguun; ganna sana guutuu dhama'anii, akkasumas qabeenyi biyyaa dhangala'ee, dhukkubsataan hakiima barbaadaa, hakiimni ammoo hojii barbaadaa, waljala darbuun hedduu ulfaata,'' jedha.
46563301
https://www.bbc.com/afaanoromoo/46563301
Dinagdeefi hoji-dhabuu: Mootummaanis uummataaf hojii kennuuf dirqama qaba
Gaaffii dimokiraasiifi eenyummaa cinaati, dhimmi dinagdeefi hoji-dhabdummaa kan deebii atattamaa barbaadu akka ta'e aanga'oonni mootummaa, abbootiin siyaasaafi hayyoonni irra deddeebiyanii dubbatu.
Warshaa Tiraakteraa Maanufaakcheriingii Keenyaa Kabajni mirgoota dimokiraasiifi namoomaa, akkasumas eenyummaafi bulchiinsi gaariin gaaffiiwwan baroota darban keessa ka'aa turaniifi jijjiiramni akka dhufu dirqama taasisan keessaati. Haaromsi gama siyaasaatiin taasifamaa jiru, keessattuu dirree dimokiraasii bal'isuudhaaf hojjetamaa akka jiru wantoonni agarsiisan ni jiru. Dhaabbileen dimokiraasiifi haqaa akka haaraatti caasessuu, paartileen siyaasaa waltajjiitti baasuufi miidiyaaleen walaboomsuun sochiiwwan mumul'achaa jiran keessaa muraasa. Gaaffiin deebii barbaadu kan biraan ammoo dinagdeen akka sosocho'u taasisuufi hoji-dhabdummaa hir'isuudha jedhu oggeessoonni damee kanaa. Mootummaan kana irratti fuulleffateera? Sochiiwwan akka naannoo Oromoiyaatti 'Warraaqsa Dinagdee' jechuun jalqabe maalirra jira? Paarkiiwwan industirii eebbifamaa jiran ammoo kana keessatti gahee hangam qabu laata? Gaaffiilee kanneen ilaalchisnee hayyuu dinagdee Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaaniifi Beeljiyeemitti ammoo kaadhimamaa doktoraa kan ta'an Obbo Tashoomee Tafarraa BBC'n dubbiseera. Lakkoofsi namoota hojii hin qabnee... Akka Ogeessi dinagdee kun jedhanitti, gabaasa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan waggota lamaan duraatiin lakkoofsi namoota hojii hin qabnee naannichatti miliyoona jaha ni ta'a, garuu yeroo ammaa kanaa ol ta'uu ni danda'a jedhu. Baayyinni hoji-dhabdoota naannicha hanga kana taanaan mootummaan hojii umuun dirqamadha kan jedhan Obbo Tashoomeen, yaadni 'Warraaqsa Dinagdee Oromiyaa' jedhu kan eegalames kanumaaf ture jedhu. Warraaqsi dinagdee kaayyeffame kun hoji-dhabdoota gara hojiitti galchuuf qofaa osoo hin taane, dinagdee naannichaa waggoottan darban keessa sababii adda addaatiin saamichi bal'aan irratti gaggeeffamaa ture dandamachiisuufis jedhan. Dinagdeen naannooleen kan walbuusuufi akka wal hinmadaallee ibsanii, Warraaqsi Dinagdee jalqabame sunis dinagdeen naannoo Oromiyaa damaqsuuf barbaachisaa ture jedhu ogeessi kun. "Mormiin waggoottan darban taasifamaa turanis bifa adda addaatiin dinagdee irratti dhiibbaa taasiseera. Fakeenyaaf, mootummaan gibira hanga sassaabuu qabu sassaabuu hin dandeenye, hojjetoonni omisharratti boba'uun isaaniirra ture mana oolaa turan waan ta'eef dhiibbaa guddaa uumeera." Ministeera Muummee Dr. Abiy Ahimad waltajjii sochii gibiraa biyyaalessaa tibba kana Galma Gamtaa Afriikaatti qophaa'e ture wayita haasaan bananiitti, rakkooleen nageenyaa waggoota muraasa darban keessa uumaman gibira sassaabuu duraanuu baayyee gadaanaa ture 'rakkoo irratti fanxoo' taasiseera," jdhan. Rakkoon dinagdee akkuma biyyaattu walxaxaa waan ta'eef, tarkaanfiin fudhatamus hanguma sana cimaa ta'uu qaba kan jedhan ogeessichi, "rakkoon gosa kudhan kan jiru yoo ta'e imaammata kurnan sana furu barbaachisa," jedhu. Guddinni dinagdee argameera jedhamaa ture walii lama... Guddina dinagdee waggoota darban argameera jedhame dubbatamaa tures walii lama jedhu Kaadhimamaa Doktoraa Tahoomeen. Guddina jechuun kan jireenya irratti jijjiirama fiduufi walqixxummaa mirkaneessedha jedhan. Garuu guddinni jira jedhame sun bu'aa lammii hundaaf osoo hin taane harka namoota muraasaa galeera jechuudha jedhu. Adeemsi dinagdee akkasii kun ammoo gara sirna dinagdee namoota muraasa harka galee isaanumaan badhaadhoo taasisuun kanneen hedduu ammoo iyyoomsaa deemu ta'a jechuun ibsu. Rakkoo akkasii kana keessaa bahuudhaaf imaammata adda addaa baafachuun fala ta'a kan jedhu ogeessi dinagdee kun, fakkeenya biyyoota gara garaa imaammata farra shira dinagdee, farra monooppooliifi kan biroo kan jedhamu barbaachisaa ta'uu kaasu. Qabeenyi harka nama muraasaa irratti yoo sasaabame namoonni hojii hin qabne baayyachaa deemu. Kun yeroo uumamu ammoo namoonni karaatti bahanii mirga isaanii gaafachuu danda'us jedhan. Mootummaanis uummataaf hojii kennuuf dirqama qaba Mootummaanis uummataaf hojii kennuuf dirqama qaba. Dirqamni kun heera mootummaa keessatti ifatti barreeffamee jira. "Mootummaan hanga humni danda'e lammilee biyyaatiif hojii kennuu qaba jedha Heerri Mootummaa." Garuu hanga irraa eegamu mootummaan uummataaf hojii kennuu hin danda'u yoo ta'e namni bahee mirga isaa gaafachuun hin oolu, kan mullachaa tures kanumadha jedhu. Mootummaan Naannoo Oromiyaa akka furmaata rakkoo kanaatti 'Warraaqsa Dinagdee' hojjechuu jalqabus rakkoowwan adda addaa, kessattu rakkoon nageenyaa bitaafi mirgaan, Bahaafi Lixaan uumame akka boodatti harkifatu ykn dhaabbatu taasiseera, jedhu. Yaaliiwwan 'Warraaqsa Dinagdee' jalqabamnii turan yeroo akka fakkeenyaatti kaasanis, kan akka Keenyaa Bevereeji, Ijaarsa Walaabuu, Tiraanispoortii Gadaa kan gara hojiitti galan maqaa dhahaniiru. Paarkiiwwan Industirii hojii-dhabdummaa hir'isuuf Muuxannoo Paarkii Industirii Hawwaasaa fudhannee yoo ilaalle idustiriiwwan paarkicha keessa jiran hojjetoota qacaran biyya alaattillee erganii leenjisiisaniiru jedhan Obbo Tashoomeen. Haala kanaan yoo deemame hoji-dhabdummaa hir'isuudhaaf ni gargaara kan jedhan Ogeessi kun, bu'aa inni naannoo jiruuf buusu akka paakeejiitti ilaalamuu qaba jedhaniiru. Paakejii sana keessaa akka Paarkii Industirii Hawwaasaatti carraa leenjii biyya keessaafi biyya alaa, manneen jiraanyaa hojjetootaafi akka ijaaramu taasifamuun kanneen biroof fakkeenya ta'uu mala. Kun ammoo maallaqani akka namoota naannoo harka galuufi hojiin uumamu gargaaruun dinagdee naannoo sanatti argamus sochooseera. Industiriin Paarkii Jimmaa dhiyeenya kana Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad eebisan namoota 40,000 hanga 60,000 ta'aniif carraa hojii uuma jedhamee waan eegamuuf akkuma kan Hawwaasaa sana yoo taasifame dinagdee naannoo sanaa ni sochoosa jedheen abdadha jedhan. Paarkiiwwan industrii kan Jimmaa, Adaamaa, Hawwaasaafi kan biroon haala kanaan osoo gaggeeffamanii hoji-dhabdummaa hir'isuufi dinagdee naannoo isaanii sosochoosuudhaaf ga'ee guddaa ni qabaatu. Paarkii Industirii Hawwaasaa Garuu gaaffiiwwan gurguddoon ka'aa jiran jiru... Paarkiin Industirii Hawwaasaa ykn Boole Lamiitti kan ta'aa jiru, abbootiin qabeenyaa paarkiiwwan kana keessatti hojjetan bu'aadhaaf waan hojjetaniif miindaa hojjetootaaf kaffalan gadi bu'aa gochuun mul'achaa jira. Fakkeenyaaf, Hawwaasaatti ji'atti Birrii 800 hanga 1,000 kan yeroo ammaa nama tokko jiraachisuu hin dandeenye kaffalu. Rakkoon hoji-dhabdummaafi kaffaltaa gadi aanaa hojjetootaaf kaffalamu kun kan walduraafi duubaan furamuu qabudha. Hojii-dhabuun rakkoo duraa yommuu ta'u kaffaltii foyyaa'aan ammoo gaaffii lammeessoo dhufu ta'a. Kanaaf, arraaqsa dinagdee jalqabame sana paarkiiwwan industirii banamaa jiran kana waliinis mootummaan tarkaaniiffan tooftaawwan dinagdee naannoo sochoosu rakkoo hoji-dhabdummaa hir'isu faluun waan yeroo biraaf jedhamu miti jedhan Obbo Tashoomeen. Rakkoon hoji-dhabdummaa rakkoo mootummaa mudatu isa gudaadha akka ogeessa kanaatti. "Paartiin siyaasaa aangoo qabatee dingadee foyyeessuun hoji-dhabdummaa hir'isuu irratti hin hojjetu taanaan kufuun isaa hin oolu." Akka inni jedhutti hoji-dhabdummaan biyya Itoohpiyaa, keessattuu kan naannoowwan magaalaa parsantaadhaan yeroo dijiitii lamaa olidha. Hoji-dhabdummaan yeroo dijiitii lamaa ol ta'u ammoo biyyaafi mootummaa kamiifiyyu yaaddoo guddaadha. Maaltu ta'uu qaba, carraa maaltu jira? Rakkoo hojii-dhabdummaa hir'isuudhaa mootummaan meeshaa of harkaa qaba. Qabeenyaa xiqqoon biyyattiin qabdu harka nama xiqqoo galeera, galaas jira. Isa kana mootummaan tarkaanfii fudhachuu qaba. Fakkeenyaaf, akkaataa ittiin qaraxniifi gibira galii sasaabu irratti seera foyyaa'aa baasuu barbaachisa jedhu. Akaakuu hoji-dhabdummaa keessaa kan magaalaa yeroo baayyee hoji-dhabdummaa caasaa (structural unemployement) jedhama jedhu Obbo Tashoomaan. Kun ammoo kan baadiyaa rakkoo hojii dhabuu kan yeroo (seasonal unemployment) kan ta'e waliin yeroo ilaalamu rakkoo cimaadha. Haala kanaan, namoonni galii guddaa qaban akka gibira guddaa kaffalan gochuun warri galii gadi aanaa qaban ammoo gibira xiqqaa akka kaffalan taasisuun fala ittiin qabeenyi walqixxaataa deeemuun carraan hojii argamaa deemus ni fooyyaa'a. Baadiyyaatti yeroo baayyee hojiin qonnaa yerooo jirutti, keessumaa yeroo roobni jiru humni baayyee hojiitti bobba'a. Kanaaf, rakkoo hoji-dhabdummaan mootummaan xiyyeeffannaa duraa itti kennuun barbaachisu isa rakkoo hoji-dhabdummaa caasaa ta'e kana irratti ta'uu feesisa jedhu. Isa kana furuudhaaf ammoo 'Waraaqsi Dinagee' akka Oromiyaati jalqabameefi paarkiiwwan industirii kaayyoo hoji-dhabdummaa hir'isuufi dinagdee naannoo daddamaqsuufi bu'aa buusuu danda'u irratti xiyyeeffachuun hojjechuutu fala ta'a jedhu.
oduu-45988084
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45988084
Chaayinaatti oolmaa daa'immanii allbeedhaan haleelame
Chaayinaa kutaa bulchiinsa Chongqing keessatti dubartiin tokko alawaada keessa aalbee/haaduu fudhattee akkuma baateen Iddoo Oolmaa daa'immaniitti of argite.
Danaa argama Chongqing agarsiisu Achiis daa'imman taphachaa jiran gidduu seentee ciruu eegalte,bakki isaa gara kibba dhiha chaayinaati. Dubartiin ganna 39 kun maaliif akka gocha kana raawwate wanti ifa ta'e hin jiru,garuu aarii akka mootummaarraa qabdu miidiyaa hawaasummaarratti barreeffamaa ture. Maqaa masoo Liu jedhamuun kan beekamtu dubartiin kun yerosuma qabamtee hidhamte. Poolisoonni biyyattii gabaasa daa'imman lama du'aniiru jedhu ni haalan. Daa'imman goor-duuba mana hidhaa Haleellaan aalbeedhaan geggeeffamu yeroo baayyee daa'imman Chaayinaa mudata. Kunis namoota mufii aanga'oota mootummaa ykn nama dhuunfaarraa qabaniin raawwata. Namoonni rakkoo sammuu qabanis yakka akkanaa wayita raawwatan mul'atu. Shamarran haleellaa Bookoo Haraam jalaa miliqan
oduu-50832814
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50832814
'Albaaniyaa' warra Tigraay: qe'ee yeroo hunda TPLF'n mormuun beekamtu
Tigiraay keessatti qe'een tokko mormii paartii naannicha bulchaa jiru TPLF irratti dhiyeessuun maqaan 'Albaaniyaa' jedhu kennameeraaf.
Albaaniyaan Awurooppaa Kibbaa Odola Baalkaaniin gama Lixaatti biyya argamtudha. Albaaniyaan warra Tigiraay kun garuu Albaaniyaa ishee sana waliin wanta walfakkeessuun tokko qabdi. Tarii Albaaniyaan warra Tigiraay kun osoo ejjennoo hin jijjiirratiin qe'ee dhaabbataadhaan waggoota dheeraadhaaf TPLF dura dhaabbachuun mormaa turuun ishee, Biyyaa Albaaniyaa kan seenaa, Aadaa fi hawaasummaan biyyoota Awroopppaa biroorraa addaa baatee jiraachuun wal isaan fakkeessuu mala. Albaaniyaanis haala teessuma ishee baayyee rakkisaa ta'een, akkasumas seenaa, aadaafi haala hawwaasummaa hedduu walxaxaa qabduun wantota naannoo ishee jiranirraa adda ba'uun qophaa ishee jiraachuun wal isaan fakkeessinna. Kanaaf Maqaleerraa gara Bahaatti kiiloomeetira 12 fagaattee bulchiinsa aanaa Hindertaa durii jala kan turte 'Higirii Ariibaa' maaliif Albaaniyaa jedhamtee? Gaaffii ibsi jiraattota qe'ee kanaa gara dhumaatti deebisudha. Warri Higirii Ariibaa keessa jiraatan maaliif akka TPLFn hadheeffatanii morman ni dubbatu. "Meeqan dubbadhee danda'a . . . yeroo hidhaa turretti halkan keessaa saatii ja'arratti namoota guyyaa guyyaan jijjiiramaniin qoratamaa turre. Yakki guddaan nurratti raawwatameera. TPLF paartii sobee nama sossobaa jiraatudha," jetti qonnaan bultuun Higirii Ariibaa Algaanesh Gebrehiwoot. Aadde Algaanesh duraan deggertuu TPLF turtullee gaaffii hawaasni naannoo ishee gaafatuuf TPLF deebii kennuu dhiisnaan qonnaan bultoota Higirii Ariibaa "gaaffiilee keenyaafi mirgoota keenya ni deebisiifanna" warra jedhanitti waliin hiriirte. Aadde Algaanesh haadha ijoollee sadii farsoo gurguruun jiraattudha. Namoonni qe'ee sanaa rakkoo hedduu dabarsuu, walga'iirrattillee yaada isaanii akka hin ibsanne taasifamaa akka turan kan dubbattu Aadde Algaanesh, maaliif dubbattan jedhamuunis akka hidhamanii turanillee ni yaadatti. Warri Albaaniyaa Tigiraay kuniif TPLF kan isaan waldhabuu jalqaban A L I bara 2003 bulchiinsi magaalaa Maqalee magaalaan xiqqoo baadiyaa Higirii Ariibaa [Albaaniyaa] kun akka bulchiinsa magaalaa Maqalee jala galtuuf murtee darbeen walqabateeti. Yeroo sanattis jiraattonni q'ee sanaa osoo bu'ruuraaleen misoomaa hin guutamiin dura bulchiinsa magaalaa jala galla jechuun didan. Aadde Algaaneshiifi namoonni biroon ja'a ammoo warra mormii kana dura bu'ummaan qindeessaa turanidha. Jiraattonni Higirii Ariibaa dubbisne akka jedhanitti naannoon sun akka bulchiinsa magaalaa jala galuuf yeroo murtaa'utti: bishaan, ibsaa, daandiifi bu'uuraaleen misoomaa hin guutamneef ture. Buufata fayyaa ogeessonni fayyaafi meeshaan barbaachisu hin guutamneefitti ijoollee keenya hin talaalchifnu; mana barumsaa barsiisaafi meeshaan barnootaa barbaachisan hin guutamneefitti ijoollee keenya hin erginu jechuun jiraattonni Higirii Ariibaa mormii karaa nagaa gaggeessaa turan. Mormii taasisan sanarraan kan ka'e 'mormitoota Albaaniyaa' kan jedhu maqaan ittiin waamaman akka isaaniif moggaafames jiraattonni ibsaniiru. Aadde Algaanesh erga mana hidhaatii ba'aniin yeroo sanatti paartii mormituu tokkitti jiru kan ta'e Areenaatti makaman. Filannoo biyyaalessaa waggaa afur dura gaggeeffameen dhaabni kun dhibbaa dhibbatti akka mo'atee ture Boordiin Filannoo ibsuun isaa ni yaadatama. Tigiraay keessatti Aadde Algaanesha waliin gaaffiin ummataa akka deebii argatuuf mormitoonni sagalee isaanii dhageessisaa turan jala-bultii filannoorratti shorokkeessummaan himatamanii hidhaman. "Ana dabalatee lafa keenya nurraa hin fudhattan namoonni jenne ni hidhamne" kan jettu Aadde Algaaneshwaggoota sadiitiif ijoolleen ishee mana hidhaatti deddeebiyuun ishee gaafachuuf rakkachaa akka turan dubbatti. Yaadannoo hamaa kaleessa dabarsiterraa deebiyanii ar'a yeroo yaaddus wanti gaariidha jettu hin jiru; lapheen ishee baayyee gaddaan caba. "Naannoo keenya bishaan waan hin jirreef adeemsa saatii lamaa deemnee bishaan waraabbanna; ibsaan hin jiru, daandiin ambulaansiif mijataa ta'e hin jiru, magaalee keessa teenyaa namoota wanti hunduu nurraa fagaatedha. Naanoon A L I bara 2003 kufte akkuma kuftetti jirti. Hanga ammaa bulchaan itti amannee fudhanne hin jiru; jiraatellee hin beeknu. Qonnaan bultoonni Higirii Ariibaa ar;allee bulchitoota mootummaan naannoo ergu 'dabbaloota TPLF' jechuudhaan garaa guutuudhaan isaan hin simatan. Namoonni Tigiraay baayyeen haala siyaasaa biyyaa irraan kan ka'een TPLF tiif kan garaa laafan fakkaatanillee warri Albaaniyaa garuu TPLFtiif dhiifama kan godhan hin fakkaatan. Obbo Mokkonnon Abrhaa [oduu kana keessatti maqaan isaa jijjiirameera] qote bulaahd. "Bara 2003 keessa mirgi keenya nuu kabajamuu qaba, bu'uraaleen misoomaa nuuf guutamuu qaba jechuu keenyarraa kan ka'e waggoota sadiif ykn waggoota afuriif bulchaan nuuf hin ramadamne ture," jedha. A L I bara 2008 ji'a Sadaasaa keessa [shorokkeessaadha] jedhamee hidhaan akka itti murtaa'e dubbata. Ji'oota 14f diida teenyee himannaa nurratti baname hordofaa turree dhumarratti namoonni muraasni waggaa afur kanneen biroo ammoo waggaan sadii itti murtaa'ee hidhamuu isaanii ibsu. Ijoollee keenya hin talaalchifnu, mana barumsaattis hin erginu jechuun ammoo mormii akkamiiti? Gaaffi jedhu Obbo Mokonnon akkas jechuun deebisu. Gaaffiin kun garuu waan isaan dheekkamsiise fakkaata. Miidiyaalee TPLF tiif hojjetan dhimmicha akkaataan itti gabaasan wan dogogora tureef malee dubbichi akkas hin turre jechuun ibsu. "Ijoollee keenya hin talaachifnuu osoo hin taane kan talaalchisuu dandeenyu bulchiinsa duraanii jalatti yoo ta'edha, dhimmi mana barumsaas, yoo maatiin keessan bulchiinsa magaalaa jala gaktaniittu jedhanii mallatteessan isin keessummeessina jechuudhaan rakkoo ofii isaaniitiin uumanirraan kan ta'edha." Aadde Algaanesh gama isheetiin mootummaan naannichaa talaallii kan jedhu buufata akkamii hojjeteeti? Gaaffii jedhu kaasuun duraan dursa hin talaalchisnu, ijoollee mana barumsaatti hin erginu jedhaniiru jechuun komachuu dura mootummaan naannichaa dhaabbileen kunneen yoom sirriitti dhiyeesse jechuun deebisu. TPLF gaaffii ani dhiyeesseef deebisuu waan hin dandeenyeef 'paartii koo jijjiireera' kan jettu dubartiin kun dhugaan waan dhibeef TPLF irraa fagaachuuf dirqamneerra jechuun ibsitti. Mormiiwwan warri Albaaniyaa Tigiraay gaggeessaa turan karaa naga qabeessaan ta'ullee akka jedhanitti garuu dhiibbaan TPLF isaanirraan ga'aa ture itti ulfaatee ture. Yeroo sanatti midhaan qonnaan bultoonni naannichaa walitti qabatanillee gubatee bula ture. Kun ammoo jiraattota naannoo sanaafi aanga'oota mootummaa gidduutti rakkoo uumee ture. Yaaddoon naannoo sanatti yeroo cimaa dhufe warri akka Aadde Algaanesh gaggeessitoota mormii ta'an yeroo hidhamanitti maatiin diigamee, barattoonni ammoo barnootarraa hafan. "Yeroo ani hidhame intalli koo barumsa ishee sadarkaa tokkoffaa dhaabdee farsoo gurguraa obbolaan ishee eegaa turte. Hawaasni naannoos o'iruu qotanii, midhaan haamaaf turan. Hundu keenya garuu jijjiirama malee waan biraa hin turre jetti. Hin milkaa'iin hafe malee bulchiinsa magaalaa jala galuu dubbiin jedhu TPLF fi qonnaan bultoota Higirii Aribaa gidduutti jaarsummaan jaarsoliifi lubootaanillee yaalamee ture. Aanaa Atsiib Wanbartaa Dhimmi warra Albaaniyaa, Aadde Algaaneshiifi TPLF kanaan hin dhaabbanne, gara boodaarra itti deebina. Amma garuu Maqaleerraa Kiloomeetira 50 fagaattee kan argamtu aanaa Atsibii Wanbartaa isin geessina. Jiraataan aanaa kanaa dubbifne qote bulaan maqaan isaa Hidiroom Hayilesillaasee jedhamu TPLF qabsoo ummata Tigiraay karaa irratti 'ganeera' jedha. Ilma qabsa'aadha. Umurii dargaggummaa isaattis lola Itoophiyaafi Ertiraa keessatti milishaa ture. Barnootaan ammoo kutaa 10 qaqqabeera. TPLF, ummanniifi ani tokkodha jedhee amana ture. Amma garuu miti. Hidiroom TPLF qabsoo ummata Tigiraay karaa irratti ganeera kan jedhuuf amalli dhaaba kanaa osoo Dargiin hin kufiin duraafi erga Dargiin kufe jijjiirameera jedhee waan amanuuf. ALI erga bara 2001 irraa kaasee amantaa TPLF irraa qabu dhabaa akka dhufe kan himu Hidiroom, ALI bara 2002 keessa Areenaatti makamee tarkaanfii TPLFtiin mormuu jalqabe. Mormii inni jalqabe garuu salphaa hin turre, gatii guddaa isa baasisuu jalqabe. Mormituu ta'uun isaa yeroo baramutti bishaan jallisuu gara lafa qonnaa isaatti yaa'u namoota 'dabballoota TPLF' jedhuun jalaa cufate. Jireenya hawwaasummaa irraas akka adda ba'uuf loogiin cimaan irra ga'e; dhumarrattis ni hidhame. Seenaa isaa kana qabatee gara waltajjii miidiyaa hawaasumaatti kan makame Hidiroom, dhiibbaa cimaa namoonni miidiyaalee hawaasummaa fayyadaman biroon taasisaniin bishaan jallisii lafa isaarraatti akka hin yaaneef cufamee ture waggootaan boodas ta'u banameef. Ar'as garuu gaaffileen deebii hin argatiin akka qabu dubbata. "Hunda caalaa kan na gaddisiisu, haatikoo gara mana amala sirreessaatti waamamtee ilmikee nama Tigiraayiin gane ergamtuu Amaaraadha yeroo ittiin jedhan gadditee arguun kooti," jedha. Namni haala kamiinillee akka hin gargaarre, awwaalarratti akka hin argamne, mana hidhaattis akka nagaa hin gaafatamneef taasifamee akka ture miira gaddaan ibsa Hidiroom. Haati isaa diina bobaa jala qabattee jirta jechuun akka dhiphisaa turan kan yaadatu Hidiroom, sababiima kanaanis soddoota isaarrallee adda ba'uu isaa isaaf gadda cimaa akka ture dubbata. Bakka gara garaa kan jiraatan ta'ullee TPLF mormuun rakkoon warra Albbaaniyaa akka Aadde Algaaneshirra ga'eefi Obbo Hidiromirra ga'e walfakkaata. Karaa hedduu miidhaan qaamaafi qoor-qalbiin irra ga'eera. "Oduu gidduuttillee yoo nuti itti makamne cal jedhama; amma nuffinee itti dhiifnee ijoollee keenyallee hin dubbatiinaa; yoo rukkutamtanillee boquu keessan gadi qabadhaatii gara mana keessaniitti gala isaaniin jenneerra. Waan ummataa foyyeessuudhaaf yaaliin godhu hin jiru, itti dhiisee jireenyakoon jiraataa jira," jetti Aadde Algaanesh. Wanti darbe qonnaan bultoota naannoo isaanii akka qalbii soda keessa galan gochuu ibsiti. 'Obboleessa abaluudhaam' jedhamaa jireenya hawwaasummaarraa adda baaneerra kan jedhan Obbo Mokonnon haqniifi jijjiiramni hanga argamutti qabsoon taasifamu gatii akka baasisu dubbata. Ammallee paartiin naanno Tigiraay bulchu TPLF fi miseensonni isaa bulchitoota ummataati jechuudhaan warri Albaaniyaa kan garaa isaanii garaatti qabatanii callisuu waan filatan fakkaatu. Gama biraan ammoo Finfinnee 4 Kiilootii dhiibamee Maqalee buufatee kan jiru TPLF hunduu qalbii ummata Tigiraay deebifachuudhaaf kufee ka'aa kan jiru fakkaata. Albaaniyaan warra Tigiraay TPLF'f dhiifama gooteettii? Itoophiyaan adeemsa jijjiiramaa keessa kan jirtu taatullee tasgabbii dhabuun asiis achiis ishee raasaa jira. Akka Adda tokkootti kan turan paartileen miseensota ADWUI waliigaltee dhabuu isaaniirraa kan ka'een mootummaa federaalaafi naannoo Tigiraay gidduu mormiin jirus rakkoo biraadha. TPLF yeroo ammaa kana mootummaa federaalaa akkasumas naannoo Amaaraa 'humnoota alaa' jechuudhaan akka yaaddoo naannoo Tigiraay ta'anitti kaasaa jira. Haata'u malee, kun ammoo dadhabbii isaa kan darbe tooftaa ittiin dhokfatudha jechuun kan qeeqannis hedduudha. "Ummanni kun obsa qabeessa waan ta'eef malee, rakkoo inni baate salphaa mit," jetti Aadde Algaanesh. TPLF maqaa dhiifamaatiin jiraatas jetti. "Yeroon ammaa kun dukkana waan ta'eef bari'uu danda'a jechuun waan hunda garaatti qabannee teenya. Bakka biraatti manniifi qabeenyi gubateera jechuun ni dhageenya; kun nu birattis akka hin uumamneef tasgabbiidhaan qajeelchaa jirra. Dhaaba kanaaf yaadnee osoo hin taane ofii keenyaaf yaadneeti…" Namni ol adeemu waan akkasii argaa akka guddau hin barbaadu, isaanis wanta darbe odeessaa jiraachuu hin filatan. "Dhaloonni haaraan mata-duree mataa isaa uumee akka darbuuf barbaanna malee TPLF waliin waldhabee okkaraafi walitti bu'insi akka ka'u hin barbdanu," jedhu. Tigiraay keessa haqa kan jedhu hin jiru kan jedhan Obbo Mokkonnon gama isaaniitiin, haalli amma keessa jirru bulchiinsi Tigiraay akkas nu godheera jechuudhaan "naannoo keenya balaaf kan itti saaxillu miti" jedha. "Waan darbeef nama mufatu miti; Tigiraaf dhiigni hedduun dhangala'ee lafeen baayyeen caccabeera. Kun ammoo nama kamiiniyyu akka sarbamuufi dhiitamuuf hin hayyamnu. Haqni yoo dhibellee Tigiraayiin ni eegganna; herrega TPLF waliin qabnu booda waliif baafna." "TPLF amma Tigiraayiif nan hojjedha yoo jedhe maaliif amma gara galee nu hin ilaallee? Maaliif rakkoo keenya hin furree? TPLF kaleessaa Lafti Tigiraay TPLF'n kunuunsee guddiseera. Erga hundeeffamee waggoota 45 kan lakkoofsise TPLF, sirni adeemsaan ijaaramu dimokiraatawaafi haqa qabeessa ta'a kan jedhu abdii namoota hedduufi waandaa dhaabbatichaas ture. Haata'u malee, TPLF gammoojjii keessa bahee "erga gara aangootti dhufee booda kaayyoo isaa dagateera" jechuun miseensonni dhaabichaallee osoo hin hafiin kan qeeqqan hedduudha. Kan bitaafi mirgaatti asiifi achi raafamaa jiru siyaasni Itoophiyaas taanaan, ummanni Itoophiyaa waggoota darban keessa jibbinsa TPLF irratti horateen abaaree kufaatiifi du'uu isaa hawwuun TPLF'n gara Maqaleetti erga gaggeessee amma waggaa lama guuteera. Ministirri muummee gara aangootti erga dhufaniin booda daawwannaa Amboofi Jijigaatti taasisaniin booda gara Maqalee deemuun ojiraattotaaf haasaa taasisan keessatti tokkoo tokkoo dubbii isaaniitiif jiraattonni kunneen harka reebaafii akka turan kan dagatamu miti. Yeroo sanatti ummanni Tigiraay TPLFn miidhame gaggeessaa haaraa argachuu isaatiin ba;aan koo naaf salphata jechuun abdatee ture. Abdii ture garuu baayyee hin deemsifne. Boodarra tarkaanfii ministtirri muummichaa fudhatan ilaalchisee gammadoo hin turre. Yeroo ammaa MM gara Tigiraay deemuun waan yaadamu hin fakkaatu; osoo haasaa taasisuu danda'aniillee haasaan isaanii deggersa akka hin arganne tilmaamuun ni danda'ama. Harka walitti rukutuun hamilee kennuu duraan ture sana akka hin taane garuu ifatti ni beekama. Miidiyaaleen biyyattii keessa jiran wanta 'sarbamuu mirgoota namoomaafi malaammaltummaa saaxiluuf jedhame' dokumentariin 'warra afaan Tigiree dubbatu' kan jedhu waan dhageessisaniif ummata Tigiraay dallansiiseera. Haalaa akka qabatanis godheera. Deebiyee Tigiraayiifi ummata Tigiraay boolla itti dhokatu kan godhate TPLF, yakkawwan biyyattiirratti raawwatameef qophaa koo hin gaafatamu jechuudhaan Tigiraayiin garuu waanan balleesseef nan deebisa jechaa jira. Ummannilleen fudhatamni isaa laafee kan ture TPLf'f deebiyee kan garaa laafeef fakkaata. "Kun hunduu, yaaddoon biyyattii keessa jiru uume malee TPLF itti tolee jennaan miti," kan jedhu maqaan isaa akka eeramne kan barbaadu xiinxalaan siyaasaa tookko, deggersa TPLF ar'a Tigiraayitti argate "waan itti fufudhaa?" kan jedhurratti mirkaneeffachuuf nama rakkisa jedha. Tigiraay keessatti qabsoo naga qabeessa taasisuun rakkisaa akka ta'e kan himu Hidiroom, waggoota lamaan darban keessa keessatti mootummaa naannoo Tigiraay keessatti jijjiiramni xiqqoon jiraatus, ammas taanaan uti haala barbaadnuun deemnee yaada keenya garu ibsataa hin jirru. "Ta'us garuu, yoo xiqqaate poolisiin dhufee nu hin hidhu, gabaa keessattis namni nu hin baqatu. Pirezedaantiin Itti-aanaa bulchiinsa naannoo Tigiraay Doktor Debretsihon Gabremikaa'el dura ta'aa TPLF. Dhaabbanni isaan gaggeessan kun gaaffii ummata deebisuudhaafis ta'e dirree siyaasaa foyyaa'aa ta'e uumuudhaaf akka hojjetan waltajjii gara garaarratti dubbatanii turan. Haalli dhaabbatichaa kan duraan turerra foyyaa'aadha jedhamullee, TPLF bifa waara'aa ta'een yaadee furmaata kaa'aa jira jedhamee hin amanamu. "Dhaabbatichi sassaabbatee dhufullee dhumni isaa garuu eessadha? Kan jedhu baruun rakkisaadha kan jedhu Hidiroom, haala siyaasaa biyyattii keessa jirutti qabachuudhaan faayidaa dhuunfaa isaatiif soda ummata irratti uumaa jira," jechuun soda qabuibsa. Dhuguma biyyattii kana keessatti hundinuu TPLF balleessuu ni barbaadaa? Ykn Paartii biyya bulchaa ture itti gaafatamaa gochuu barbaadu? Kan jedhan ifa ta'uu qaba. Humni nu balleessuuf dhufu yoo barbaade, kan mana keenya eeggatu numadha. Haata'u malee, diinni kee sitti dhufe, marfamteetta jechoota jedhan fayyadamanii jijjiiramni dhufu, tokkummaan uumamus waan hin jirreef TPLF adeemsa isaa sirreeffachuu qaba, jechuun yaada isaa xumura. Dhumarrattis Hidiroom qabsoon nagaa haaloo qabachuu waan hin barbaachifneef TPLF itti hin qabamu jedheera. TPLF dhimma kanarratti maal jedha laata? Jechuun bakka ka'umsa seenaa taate aanaa Indertaatti deebinee Itti-gaafatamaa Waajira TPLF Obbo Taaddem Alemiin arganne. Obbo Taaddem Alem nama TPLF mormuus ta'e gaaffii dhiyeessu irratti miidhaan hin taasifamne jedha. "Waa'ee seenaa darbee qonnaan bultoota kanan beeku hin qabu, naannoo kanaaf haaraa ta'ullee odeeffannoo akkas jedhamu hin qabu. Walumaa galatti garuu, kan seeraan ala ta'e seeratu gaafata malee mormaa waan ta'eef dhaabni hidhuufi garafu miti," jedheera. Yeroo kana keessa seenaa akkasii kana kan namoonni kaasan akka sadarkaa biyyaatti duula maqaa balleessii taasifamaa jirurraa adda baasee hin ilaalu kan jedhu itti-gaafatamaan kun, "TPLF dhaaba yaadaan qabsaa'udha jechuun dubbate. "Namni tokko sababii gaaffii kaaseef ykn mormituu sababii ta'eef hin hidhamu. Direen qabsoo karaa dimokiraatawaa ta'e banaadha" Haata'u malee, TPLF haaromsa gadi fagoo yeroo darbe gaggeesseen, amala karaa farra dimokiraasii ta'e agarsiisaa turuu isaa amaneera.
oduu-45295315
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45295315
Naannoo Somaalee: Pirezidaantiin Somaalee Obbo Musxafaa Omaar eenyu?
Pirezidantiin naannoo Somaalee dhiheenya dhaaba naannicha bulchuun filaman eenyu?
Wareen gaaffii kanaaf deebii barbaaddaniif Obbo Musxafaa Omaar: Obbo Musxafaa Omar sarbaminsa dhala namaa naannoo Somaaleetti raawwatu yeroo dheeraaf mormuun beekamu. Dabalataanis, miidiyaa hawaasummaa irratti qeeqa barreessaa bulchiinsa pirezidaantii duraanii qeeqaa turan. Haa ta'u malee, dorsiisnii irra dhaqqabaa ture. Sababuma kanaan obboleessi isaanii akka ajjeefaman BBC Somali irraa mirkaneessineerra. Marii har'a ministirri Muummee bakka bu'oota naannoo Somaalee waliin taasisaniin hirmaattoonni tarkaanfii haqaa harifataa gaafatan. Kan kana jedhan hogganaa waajjira Minitira Muummee Obbo Fitsum Araggaadha. Ministirri Mummee Dr Abiyyi Ahimad har'a hawaasa, abbootii amantaa fi bakka bu'oota naannoo Somaalee Itoophiyaa waliin marii dhimma yeroo irratti taasisaniiru. Walgahii kana irratti kan hirmaatan Obbo Abdullaahii Mohaammad namoonni waan miidhaman sodaa malee dubbachaa turan jedhu. ''Waggoota kudhan darban gidiraa fi dararaa lammiilee irratti raawwate mari'anneerra,'' jechuun himu. Akka isaan jedhanitti namoonni mana hidhaa turan bineensota kanneen akka qeerransa, akkasumas leenca waliin hidhamuu isaanii himaa turan. Hirmaattonni badii raawwataniiru jedhaman akka nutti hindeebine gaafataniiru jedhan Obbo Abdullaahin. Ministirri Mummeenis ammaan achi jiraattonni naannoo Somaalee akkuma lammiilee Itoophiyaa kaanii tajaajila buchiinsa gaarii argatu jedhaniiru. Rakkoon dura ture akka hin deebinellee hogganaa reefu muudame waliin akka hojjetu qaban dhaamaniiru. Gaafa gaarii hojjete bira dhaabachuun gaafa dogongorri mudate sirreessuu qabdu jedhaniiru jedhani nutti himaniiru. Dabalataanis, Dr. Abiy obsa isaanii dinqisiifachuun, mariifi olaantummaan seeraa dursuun barbaachisaa ta'uu cimsuun himuu isaanii Obbo Fitsum Araggaa Tiwitara isaanii irratti barreessaniiru.
oduu-46691976
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46691976
Argannoo saayinsii gurguddoo bara 2018 kessaa odeeffaman keessaa
Bara 2018 keessa argannoowwan saayinsiifi dhimmoota naannoo waliin walqabatan hedduun dhiyaatanii turan. Akeekkachiisa jijjiiramni haala qilleensaa yoo 1.5C yaaddoo guddaa dachee kanatti fiduu akka danda'u irraa jalqabee hanga hora bishaanii k20 bal'atu Maarsi irratti argamuun saayinsii baranaa keessatti adda-durummaan kan yaadatamanidha.
Argannoowwan saayinsii bara 2018 keessaa muraasni akka itti aanuti dhiyateera. Akeekkachiisa dabaluu ho'a dachee sababii jijjiirama qilleensaatiin kanaan dura sababii jijjiirama haala qileensaatiin ho'i dhuma jaarraa kanaatti 2C dabaluun balaa isa dhumaa yaaddessaa ta'a jedhamee ture. Qorattoonni akka kaa'anitti ho'a kanaan ol akka hin dabarre gochuun miidhaa guddaa uumamuu malu hambisuuf gargaara jedhu. Bara kana garuu saayintistoonni ho'i qilleensaa dabaluun 1.5C gadiitti eegamuun barbaachisaa ta'uu gabaasaniiru. kana ta'uu baannaan dacheen kun rakkoon hamaa akka ishee eeggatu akeekkachiisaniiru. Lubbu-qabeeyyii angafaafi hunda dura turan Akaakuun lubbu-qabeessa miliyoona tokkoofi isaa ol ta'an har'a jiraatan garaa gara yommuu ta'an qurxummii garbaa guddicha irraa kaasee hanga raammoo lafa adeemtuutti addaa addadha. Garuu akkaataa lubbu qabeeyyiin kun seelii tokko irraa itti suutaan guddachaa dhufan hedduu iccitii kan ta'edha. Tuullaa pilaastikaa guddaa bishaan keessatti argame Bara 2018 keessa balfi pilaastikaa qaama bishaanii keessatti kuufamuu rakkoo hamaa ta'aa dhufuun dubbii ijoo ture. Rakoon kun kan saaxila bahes qophii BBC Blue Planet 2 walitti fufinsaan David Attenborough tiin dhiyaatuun ture. Sagantaan kun viidiyoo bishaan garbaafi galaanaa keessa lubbu qabeeyyiin jiran sababii pilaastikaatiin manca'aa jiru. Paartiikiliin hin beekamiin ture baramuu Hojii artiidha: Blazars tiif hannisaan boolla gurraacha keessaa baayyinaan ba'aaf Neutrinos yuunvarsiidhaaf hundee ittiin ijaaramanidha. Paartikiliin neutrino tokkoon ishee osoo atoomii tokkotti hin bi'iin tilmaamaan km tiriliyoona 10 deema. Yeroo baayyee neutrino hedduun nuti arginu kan naannoo Dachee ykn Biiftuu irraa ta'anidha. Ta'us garuu maddi garee neutrino humnaafi annisaa guddaa qabuu tokko hanga bara darbee kanaatti hiibboo ta'ee tureera. Adoolessa keessa garee qorattootaa jaarmiyaa addunyaa akka bira ga'anitti galaaksiin fagoorra jiru tokko cararii (ray) kallattiidhaan gara dacheetti gadhiisa. Gosti galaaksii kanaa blazar jedhamee beekama. Bishaan Maarsiifi Ji'a irraa argame Bishaan jedhame kun kara kibba maarsi jalaan mul'ate Maarsirra bishaan bifa cabbiitiin akka jiru ni beekna, akkasumas bifa dhangala'aatiin yeroo tokko tokko akka mul'atu mallattoowwan ni jiru. Haata'u malee, Adoolessa keessa gareen saayintistootaa hora bishaanii km20 bal'atu karaa gama kibbaatiin pilaanetii kana jala buufatee akka jiru argatan. Bishaan kun argamuun Maarsi qofaa irratti hin turre. Agayya keessa, qorattoonni akka barruu maxxansaniin beeksisuu danda'anitti bishaan Ji'a irratti akka argame ragaa qabataan jira jedhan. Warra ijaartota 'Stonehenge; maaltu mudate? Qorannoon bara 2018 keessa argameefi kan nama ajaa'ibe ammoo namoonni Biriteen durii guutummaan guutuun namoota warra ardiidhuma sana irraa waggoota 4,500 dura achi godaananiin kan bakka bu'an ta'uu isaati. Warri Biriteen Neolithic jedhaman yeroo namoota Beaker jedhamaniin liqimfaman dhakaa Stonehenge jedhamu dhaabanii turan. Kun qacceen sanyii Biriteen %90 ta'u wagga dhiboota muraasa keessatti akka akka kan biraan bakka bu'aa deemu taasiseera. Kun maaliif akka ta'e hin beekamu. Garuu sababii ta'a kan jedhaman keessatti dhukkuba, beelaafi walitti bu'insi ni argamu. Qorannoo biraa bara 2018 gadhiifameen, qorattoonni caccabaa lafee umuriin isaa waggoota 50,000 ta'e Raashiyaarraa akka ta'e himamu lafee durbaa gariin Denisovan gariin ammoo Neanderthal ta'uu argataniiru. Sanyiin namaa Denisovans fi Neanderthals jedhaman ammoo sanyii dhala namaa osoo sanyiin kan keenya hin jiraatiin dura Awurooppaafi Esshiyaa keessa jiraatan - Homo sapiens - warra Afrikaa irraa dhufeedha jedhama. Dhiibbaa cabbaa'uu Yeroo hawwaa irraa mul'atu: Cabbiin boca gam-tokkee geengoo qabu kun cabbiin gara horaatti jijjiirameeti Sadaasa keessa, saayintistoonni cabbii Greenland jedhamu jalatti qilee bishaanii bal'aa argan. Hallayyaan km31 bal'atu kun yeroo saayinstistoonni fakiiwwan raadaarii irraa argatan qoratan ture. Dhima kana ilaalchisee yaadi ta'uu mala jedhamu ni jira. Innis bakka boolla ta'e kun sababii aduun akka itti hin baane caccabaa waan halleetiin dhorkamuudhaan uumama jedhu. Lafee mangaagaa durdurii Lafee mangaagaa waggoota 185,000 dura ture Sababiiwwan hedduun dhiyaatan akka agarsiisanitti sanyiin namaa Afriikaan ala jiranii godaansa waggoota 60,000 dura tureen akka ardittii gadhiisanidha. Ragaan biraa nama ammayaa (Homo sapiens) bara jedhame kanaan dura akka Afrikaa keessaa bahan mullisus argameera. Amajji keessa, lafeen mangaagaa nama durii waggoota 185,000 dura Isiraa'el keessatti duutee tokko argameera. Kun ammoo ragaa duraan ture waggoota kuma hedduu kan dursudha. Lafeen mangaagaa argame kun lafee namoota Afrikaa irraa gara Awurooppaafi Eeshiyaatti godaanan waliin walsima. Dhakaan Maarsirraa argamuu Samuuda Maarsirraa deebiye Marii waggoota dheeraafi jalqabbii sobaa tokkoon booda ejensiiwwan hawwaa Awurooppaafi Ameerikaa sochii cimaa dhakaa Maarsirraa fiduu taasisaniiru. Ebla keessa, Nasa fi Esa xalayaa waliin hojjechaa kan yeroo jalqabaatiif "dhaqaa gala" gara pilaanetii biraatti geessu irratti waliin mallatteessan. Yaaliin kun ammoo saayintistoonni gaaffiiwwan akka pilaanetiirra seenaa keessatti lubbu-qabeeyyiin jiraataniiruu laata kan jedhan deebisuuf gargaara. Dhakaa Maarsirraa fiduun kun kanaan dura lubbu qabeessi akka chirra jiraate qorachuuf qofa osoo hin taane duraafi duuba (tartiiba) uumamaallee ittiin qorachuuf isaan gargaara. Bishaan keenya keessaa pilaastika Balfa pilaastikaa Balfi/kosiin pilaastikaa jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti akka malee dabalaa deemurra darbee hanga bishaan dhugnu keessa galuutti gaheera. Qorannoon dhaabbata gaazexeessummaa Orb Media jedhamu giddu-galeessaan fopaartikilii pilaastikii 10 bishaan qaruuraa pilaastikaan qophaa'e abbaa liitira tokkoo keessatti akka argamu bira ga'uu dubbate. Qorannoo bishaan dhugaatii qaruuraa pilaastikaan qophaa'e kana irratti biyyoota gara garaa sagal keessatti taasifameen hunda keessattuu paartikiloonni pilaastikaa bishaan keessatti argamaniiru.
oduu-53666000
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53666000
Mallasaa Dirribsaa, Yaasiin Jumaa fi kaanis wabiidhaan akka bahan murtaa'e
Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddachi ramaddii Araadaa gaazexeessaa OMN Mallasaa Dirribsaa fi gaazexeessaa lammii Keeniyaa Yaasiin Jumaa dabalatee namootni galmee Ciibsaa Abdulkarim jalatti himataman shan mirgi wabii eeggameefi akka gadhiifaman ajaje.
Abukaatoon isaanii Obbo Kadir Bulloo, maamiltootni isaanii yakka dalaguu isaaniif ragaan dhiyaate waan hin jirreef galmeen isaanii cufamuu fi wabii qarshii 3,000n akka gadhiifaman murtaa’uusaa BBC'ti himan. Galmee Obbo Ciibsaa Abdulkariim namoota shan of keessaa kan qabu yemmuu ta’u, gaazexeessaa OMN kan ta’e Mallasaa Dirribsaa, Hasan Jimaa, Fayyisaa fi Yaasin Jumaa keessatti argamu. Gaazexeessaan lammii Keeniyaa Yaasiin Juumaa waggaa tokkoo oliif Itoophiyaa keessatti dalagaa akka ture maatiin BBC'tti himanii turan. Namootni kunneen ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaan walqabatee reeffa ugguranii deebisuu, sabaaf sablammoota walitti buusuu fi walitti bu’iinsa amantaa uumun shakkamanii turan. “Manni murtii ‘galmee erga qoranneen booda jara kana walitti qabaan kaasuu malee yakka dalaguu isaanii wanta mirkaneessu gahaan wanti poolisiin irra hin jirreef wabiidhaan yaa bahan’ jedheera jechuun Obbo Kadir BBCtiti himaniiru. Haaluma walfakkaatuunis, galmee Obbo Jombaa Huseen keessatti kan argaman Ibraahim Abduljaliil, Kiyaar, Mahaammad, Obsaa fi Alamaayyoo jedhaman immoo wabii qarshii 4,000’n akka gadi lakkifaman murtaa’uusaa abukaatoon isaanii Obbo Kadir himaniiru. Dhimma kana booda ta’u yeroo himanis “seerri kan jedhu erga manni murtii mirga wabii isaanii eegetti poolisiin halduree tokko malee ga dhiisuu qaba” jedhan. “Maatiin namoota mirgi wabii eeggameef maallaqa qabsiisuf oli gadi fiigaa jiru. Sana booda ajaja kana qabatanii poolisiif dhiyeessu. Poolisiinis ajaja mana murtii kabajee jara kana gadhiisuu qaba” jechuun dubbatan.
42728582
https://www.bbc.com/afaanoromoo/42728582
Hidhamtoota gadhiisuun maaliif barbaachise?
Ibsa koreen hoji raawwachiiftuu ADWUI wal-gahii guyyoota 17 booda kenneen mootummaan hidhamtoota gadi dhiisuuf murteessuu beeksisee ture. Akkaata ibsa sanaatti hidhamtoota kana gadhiisuun kan barbaachiseef dirree siyaasaa biyyattii bal'isuufi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ture.
Dr. Mararaa Guddinaa waggaa 1 fi baatilee lama booda kaleessa gadhiifaman Kunis Namootni hedduun hoggantoonni paartilee siyaasaa fi namootni sababa siyaasaatiin qabaman hundi ni gadhiifamu abdii jedhu akka horatan taasisee ture. Haa ta'u malee Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa namootni ulaagaa mootummaan baase guutan, kan mootummaa federaalaan himataman 115 himata isaanii adda kutuun gadhiisuu isaa beeksisee jira. Akkatuma kanaanis dura taa'aa paartii KFO kan ta'an Dr. Mararaa Guddinaa dabalatee namoonni 115 himatni isaanii adda citee gadhiifamanii jiru. Maaliif...? Yeroo kanatti mootummaan hidhamtoota siyaasaa hiikuuf murteessuu isaaf sababoota garagaraatu jira jedhu hayyoonni. Hidhamtoonni siyaasaa gadhiifamuun isaanii gaaffii uummataa ijoo waggoota sadan darban gaafatamaa turan keessaa tokkoo fi isa bu'uuraa ta'uu kan himan ogeessi seeraa Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii, "hidhamtoonni kunneen jalqabumaa hidhamuun irra hin turre, gadhiifamuun isaaniis dirqama," jechuun BBC'tti himanii jiru. Yuunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD kan ta'an Kumaa Baqqalaas, "hiikamuun hidhamtootaa fedhiifi jaalala mootummaa ta'ee osoo hin taane, qabsoon uummataa humnaa ol itti ta'ee dirqisiisuu isaa agarsiisa," jedhu. Kanaafis mootummaan ulaagaalee gara garaa kaa'uun raawwiin isaa akka gufatu gochaa jiraachuu akka ragaatti eeru Obbo Kumaan. Gama biraan dhiibbaan keessoo paartiilee miseensota ADWUI kanneen akka DhDUO fi SDSA irraa ka'es murtee kanaaf sababa ta'uu himu. Dhiibbaan hawaasi idil-addunyaa mootummaa Itoophiyaa irraan gahe kana keessatti qooda qaba kan jedhan xiinxalaa siyaasaa fi rogeessi mirga namoomaa Dr. Birhaanuu Leenjisoo, "Dr. Mararaa namoota gadhiifaman dura qabanii hawaasa idil-addunyaatti agarsiisuun ergaan dabarsuu barbaadan jiraachuu mul'isa" jechuun BBC'tti himanii jiru. 'Dirree siyaasaa bal'isuu' Hidhamtoota gadhiisuun dirree siyaasaa bal'isuuf gargaaruu danda'a garuu galma dirreen siyasaa akka bal'atuuf barbaadamu hin milkeessu jedhu Dr. Birhaanamasqal. "Jalqabumarraa gaaffiin uummataa gaaffii dirree siyaasaa bal'isuu osoo hin taane, gaaffii aangoo uummataa harka uummataatti deebisuuti, mootummaan akkaataan dhimmicha itti hubate mataan isaa rakkoo qaba" jedhu. Ta'us "hanga seerotni hidhamtoota kana hidhaaf isaan saaxile hin jijjiiramnetti, hanga caasaan dhaabbilee mootummaa akka humna waraanaa fi poolisii hin fooyyofnetti, hanga bulchiinsi manneen sirreessaa hin sirroofnetti hidhamaa siyaasaa hiikuu qofaan dirree siyaasaa bal'isuun hin danda'amus" jedhu. Namootni sababa siyaasaan hidhaman erga gadi lakkifamanii booda bilisa ta'anii siyaasa biyya kanaa keessatti qooda fudhachuu danda'uu gaaffiin jedhu gaafatamuun irra jiraata kan jedhan ammoo Obbo Kumaa dha. "Sirni bifa diinagdee fi siyaasaan garee tokkoon dhuunfatame hanga sirna federaaliizimii sirriin bakka bu'uutti, dirree siyaasaa bal'isuun waan yaadamu miti," jedhu. Amnestii Intarnaashinaalitti qorataa kan ta'an Obbo Natsaannat Balaayis yaada kana qooddatu, "mootummaan kana booda sababa siyaasaan namni akka hin hidhamne gochuu qaba," jedhu. Sababa siyaasan himatamanii kan itti murtaa'es ta'e dhimmi isaanii mana murtiin kan ilaalamaa jiru hidhamtoonni hundi haalduree tokko malee gadhiifamuu qabus jedhu Obbo Natsaannat. Yuunivarsiitii Finfinneetti piroofeesara muumme barnoota seeraa kan ta'an Dr. Asaffaa Fissahaa, "sirna paartii hedduufi waliigaltee fooyya'aa uumuuf hoggantoota siyaasaa hidhamanii jiran hiikuun barbaachisaadha," jedhu. Kun rakkoo biyyattii ni fura jedhee hin yaadu kan jedhan Dr. Asaffaan, garuu jalqabbii gaarii ta'uu dubbatu. Lakkoofsa hidhamtootaa Dhaabbanni idil-addunyaa 'Prison Studies' jedhamu, bara 2010, waggoota saddeet dura Itoophiyaan hidhamtoota kuma 104 ol akka qabdu beeksisee ture. Ragaan marsariitii galmee hidhamtoota siyaasaa hordofee gabaasu 'Ethio Trial Tracker' jedhamu irraa argame akka ibsutti, hidhamtoonni labsii farra shororkeessummaan himatamanii wayita ammaa mana murtii federaalaa waliigalaatti dhimmi isaanii ilaalamaa jiru namoota 900 ol ta'u. Namoonni kunneen dhaabota akka ABO fi 'Ginboot Sabaat' mootummaan Itoophiyaa shororkeessitoota ittiin jedhu waliin hariiroo qabdu jedhamanii kanneen himataman ta'us ragaan marsariitichaa ni eera. Lakkofsi hidhamtoota siyaasaa waggoota 26 darban keessa sababoota siyaasaan wal qabatan gara garaan yeroo adda addaatti hidhaman kuma dhibba tokkoo ol akka ta'u qorannoo dhunfaa isaaniin bira gahuu dubbatu Dr. Birhaanamasqal. "Baroota 1990 keessa maqaa ABO'tiin, filannoo bara 2005 dabalatee baroota 2000-2009 maqaa seerota akka labsii farra shororkeessummaa, seera siiviikii akkasumas labsii miidiyaatiin, mormii uummataa bara 2014 booda dhalateen ammoo maqaa ABO fi Ginboot Sabaat jedhuun kan qabaman namoonni kuma dhibba tokko ol mana hidhaa keessa jiru," jedhu. "Nama kana hunda mana hidhaa kaa'anii namoota dhibbaan lakkaa'aman gadi dhiisna jechuun, "uummatatti qoosuudha" jedhu.
oduu-46272859
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46272859
BBC Dubartoota 100: Dubartii dhiironni niitii lammataa fuudhuu akka danda'an murteessitu
Seerri Isilaamaa, Shariyaa jedhamee beekamu yeroo mara adabbii ciccimaa fi ilaalchawwan araarama hin qabneen wal bira qabamee qeeqama. Mana murtii Olaanaa Shariyaa biyya Maaleezhiyaa keessatti dubartiin yeroo jalqabaaf haadha murtii taate kun hojiin ishee mirga dubartootaa akka tiksitu carraa akka uumeef dubbatti.
Haati murtii Neeneey Shushaayidaa guyyatti dhaddacha shanii ol teessi, torbanitti ammoo dhimmoota 80 ol ilaalti. Maleezhiyaa keessatti Shariyaa fayyadamuun dabalaa jira. Musliimonni hedduun dhimmoota maatiifi kanneen biroof mana murtii Shariyaa wal dhaabu. Kanneen Musliima hin taane mana murtii idileetti dhimma isaanii furatu. Haati murtii Shushaayidaa, dhimmoota maallaqaa irraa kaasee hanga 'Khawalat' jedhamee kan beekamu dhiiraafi dubartii Musliima ta'anii osoo wal hin fuudhiin hariiroo hin malle keessa galan irratti murtii kenniti. Irra caalaa garuu muuxannoo kan horatte dhimma hariiroo daa'immaniifi maatii ykn guddistootaafi dhimma tokkoo ol fuudhuuti. Maaleezhiyaa keessatti dubartii tokkoo ol fuudhuun seera qabeessadha. Namoota dubartii tokkoo ol fuudhuu barbaadaniif hayyama kennuun dura haal-dureewwaan hedduu akka ilaalcha keessa galchitu dubbatti haati murtii kun. "Seerri Isilaamaa dhiirotaaf looga kan jedhu sirrii miti, hubannaa kana soroorsuun barbaada" jetti. "Seerri Isilaamaa dhiirotaaf looga kan jedhu sirrii miti, hubannaa kana soroorsuun barbaada" Nama tokkoo ol fuudhuu hayyamuun dura warreen gaa'ila nama tokkoo olii keessatti hirmaatan hundi dhaddacha ishee irratti argamuu qabu. "Isa dhiiraa qofa osoo hin taane hunda irraa dhagahuun barbaada" jetti. "Dubartoonnis akka itti waliigalan nan gaafadha, xiqqoodhumallee akka walii hin galle mallattoo mul'isu agarraan hin hayyamu" jetti. "Ani dubartii waanan ta'eef, dubartoonni baay'een akka hin jaalanne naaf gala. Garuu Isilaamni ni hayyama, manneen murtii keenyas kana raawwachiisuuf dirqama qabu." "Namichi fuudha lammataaf dhufu sababaa cimaa qabaachuu qaba. Dubartii isaa ishee jalqabaas taate kan lammata dhuftu kunuunsuu danda'uu qaba" jetti. 'Qeeqxonni seerichi dubartoota irratti ni cima jedhu' Maaleezhiyaa mana murtii Shariyaa keessatti waggoota dheeraaf dhiirota qofatu abbaa murtii ta'a ture. "Haadha murtiin ta'a jedhee abjoodhee hin beeku, haadha murtii ta'ee sadarkaa guddaa kanarra gahuufi dhimmoota wal-xaxaa hedduu ilaaluu nan danda'a jedhee hin yaadne, dubartii ta'uun koo ammoo kana akkan shakku na taasisee jira." "Yeroo tokko tokko wanti natti ulfaatu jira. Akka dubartii tokkootti natti ulfaatuu malas, homtuu natti hin ulfaatu yoon jedhe nan soba. Garuu ani haadha murtiiti. Murteen kennu yeroo mara ifaafi waan hundarraa walaba akka ta'uu nan carraaqa" jetti.
oduu-44546542
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44546542
'Oromoon waldhabdee biyyoota lamaaniitiin miidhame malee bu'aa hinarganne'
Waldhabdee Itoophiyaa fi Ertiraa jidduu tureen adda waraanaa irratti hirmaachuun lubbusaanii kanneen wareegan keessaa hedduun ijoollee Oromoo akka turan dubbatama. Kanaafuu nageenya busuun biyyoota lamaanii bu'aa malee miidhaa akka hinqabaannee dubbatu jiraattoonni Magaalaa Naqamtee BBC'n dubbise.
Mootummaan Ertiraas erga waamichi nagaa gama mootummaa Itoophiyaatiin taasifameen torban lamaan booda yeroo jalqabaatiif har'a ifatti dubbateera. Pirezidaantiin biyyatii Isaayaas Afawarqiin haasawa midiyaa biyyattii irratti taasisaniin, waamicha gama Itoophiyaatiin waldhabdee daangaa biyyoota lamaan jidduu waggoota 27 darbaniif ture hiikuuf dhiyaateef ilaalchisuun dubbataniiru. Akkuma haasaan simannaa yaada nagaa pirezidaantichaa dhagahameen sa'aatiiwwan muraasa boodas, Mummichi Ministira Itoophiyaa Dr Abiy deebii waamicha nageenyaa simachuu isaanitiif pirezidaantii Isaayaas galateeffataniiru. BBCnis adeemsa waldiddaa biyyoo lamaanii hiikuuf taasifamaa jiru kanarratti namoota dubbifneera. Haaluma kanaanis lobbo dasaalanyi Asaffaa jiraataan magaalaa Naqamtee fi waggoota saddeetiin miseensa raayyaa biyyaa ta'uun Tigraay jiraachu dubbatu. Muxxannoo isaanii kana irraa ka'uun erga lolli dhaabateen boodas ummanni daangaarra jiraatu haaluma wal qocollootii jiraachaa akka ture dubbatu. Haa ta'u malee sababii siyaasaatii waldhabdeen umamu malee lammiilee biyyoota lamaaniiyyu keessa jiraatan tokkicha, keessattu isaan daangaarra jiraatan jedhaniiru. Kanaafuu ''tarkaanfiin mootummaan amma fudhataa jiru gaariidha, sababii lola keessaa kisaaraa malee bu'aan hinjirreefu'' jedhaniiru. Jiraataan magaalaa Naqamteefi barataa yunivarsitii kan tokko ammoo erga minsitirri mummichaa aangootti dhufanii booda tarkaanffiiwwan fudhatamaa jiran baayyee gaariidha jedhanniiru. Kana malees walitti dhufeenya biyyoota lamaanii foyya'uun lammiilee keenya sababii siyaasaatiin Eritiraa keessatti baroota dheeraaf danqaman akka gara biyyaatti deebii'aniif carraadha jedhaniiru. Obboo Misigaanu Olii gama isaanitiin ''waldiddaa biyoota lamaan jidduu tureen Oromoon ni miidhame malee bu'aa hin argannee'' jedhaniiru. Kanas yoo ibsan, namoota kumaa hedduu waraana Baadma irratti lubbunsaanii darbe keessaa hedduun ijoollee Oromoo turan jedhera.
oduu-47730178
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47730178
MM Abiy Ahimad: Imalli cehumsaa Itoophiyaa eessa gahe?
Gara aangootti dhufuu Dr Abiyi Ahimadiin wal qabatee Itoophiyaan waggaa tokko darbeef daandii cehumsaarra turte. Cehuumsa kana danqaawwan hedduun itti baayyachuunsaa gaaffii fi shakkii umaa jira.
Haasaan jabaan ministirri mummee torbee darbe keessa taasisanii tures haaluma danqaawwan biyyatti kessatti mul'ataa jiraniin kan wal qabatedha. Ofii jijjiramni siyaasaa biyyatti sadarkaa maal irratti argama? jechuun gaaffii xinxaltoota siyaasaatiif dhiyeessine qabanneera. Wayita ammaa kanatti haalawwan abdii qabanii fi abdii nama kutachiisan wal maddii adeemaa jiru jedhu dura taa'aan Kongirasii Federaalistii Oromo Dr. Mararaa Guddinaa. Kun ammoo jijjiramichi daandii qaxxaamurraa irra jiraachu mul'isa jedhaniiru. ''Kanaafuu dhimmoota kanneen laman waliin gara fuula duraatti ademaa jirras'' jedhu. Dhimmoota abdii kennan keessaa foyyeessa boordii filannoo, fooyya'iinsa seerawwan farra shororkessummaa fi waldaalee sivilii ni eeramu. Ministirri muummee paartilee siyaasaa mormitootaa waliin marii taasisuunsaa abdii biraati jedhu. Waggaan tokko kun wanti bilisummaa jennee iyyaafii turre, sirni ukkaamsaan hedduun itti aarsaa kaffalle darbee jalqabbiiwwan abdachiisoon yeroo itti mul'ataniidha kan jedhu ammoo nama siyaasaa dargaggoo Yoonaataan Tasfaayeeti. Yeroo dhiyoo as garuu walmormiiniifi fedhiin naannolee garagaraa yeroo itti mul'atanii fi muddamni siyaasaas jira jedha Yonaataan. Waggaa tokko keessatti akka dadhabinaatti tarii wanti ka'uu danda'u itti fayyadamni aangoo Ministira muummee laafaa ta'uudhas jedha. "Kun isaaniin laafa goodhee mul'iseera. Seera maleessuummaa to'achuuf tarkaanfiin fudhatan tokkoffaa walqabataa miti. Lammaffaa ammo rincicatu irratti mul'ata." "Kanarraa kan ka'e dimookraatummaa fi seera kabachiisuu sarara jiru waan dukkaneessaniif, tarii seer-maleessuummaan babalchuusaaf carraa akka bane natti dhagaahama" jedha. Dhimmoota abdii kutachiisaa ykn jijjiiramicha daangessuu jedhaniin keessaa kan jalqabaa ejjannoo ADWUI kan ilaalattudha jedhu Dr. Mararaan. ''Paartiin biyya bulchaa jiru mataansaa haala jijjiramichaa hubachuus ta'e gara fuula duraatti adeemsisuuf waliin jiru? Muraasni isaanii jijjiramicha yoo dhiiban kuun ammoo boodatti kan harkisan fakkaatu" jedhu. ''Finfinnee akka Iyyarusaaleemitti'' Dhimmoota jijjiramicha daandii qaxxaamuraa irra kaa'aniiru jedhanis qormaatawwan seenaa sadarkaa lamaan kaa'u. Qormaatawwan seenaa dabarsine kan jedhaniin keessaa dhimmi Finfinnee tokko yoo ta'u, ''Finfinneenis Iyyarusaalem akka hin taaneef iddoo tokko tokkootti yaaddoon umamaa jira,'' jedhu. Kallaattii itti adeemamaa jiru ykn 'Roadmap' dhabuun jijjiramichaa mataansaa rakkina cimaa gara biraati jedhu. Dhimmoota ta'aa jiran irratti fakkeenyaaf Itoophiyaa attamii? Jijjiirama gosa kamii? Sadarkaa kamiin garamitti dhimmoota jedhan irratti waliigaltee biyyaaleessaa irra gahame kallattiin kaa'amu qabaata ture jedhu. Dhaabbileen mormitootaa ajandaa waliinii irratti waliin hojjachuuf yaaluu dhabuun danqaa gara biraati. Eddoowwan biyyattii garaa garaatti argamuunis 'jijjiramni nu bira hin geenye ummata jedhu' argu kan himan Dr Mararaan, ''haala kanaan yoo itti fufne ummatichi jijjiramichatti abdii akka hin kutanne nan yaada'a,'' jedhu. Haala qabatamaa ta'een dhimmi jireenya ummataa keessatti mul'atu yoo hin jiraanne, dhimmi jijjiramaa tapha gammeessootaa kan gatii kanfalchisuu ta'u malas jedhu. ''Lafa abdii itti kunnu irra gonkumaa hin geenye'' Waa'ee jijjiramicha yoo dubbannu akka biyyaatti haala attamii keessa turre? Essaa garam deemu barbaadna? kanneen jedhan ilaaluun ni barbaachisa jedhu Yunivarsitii Keeliitti barsiisaa fi xinxalaa siyaasaa kan ta'an Dr Awwal Aloo. Mormitoonni siyaasaa biyyattii maal irratti wal dhabu? Gaaffilee gurguddaan hoo? Gaaffilee kanneen hundi haala humni siyaasaa barbaaduutti yaa hiikaman osoo jedhame, haala attamiin yeroo gabaabaa keessatti hiikkatu? gaaffilee jedhan Dr Awwaliif isaan murteessoodha. Qabxii kana irraa ka'uunis, haala rakkisaa fi yaachisoo ta'an argaa kan jiran tahulleen, ammalleen jijjiramichi sadarkaa badaaratti argama jedhanii hin yaadan. Akka isaan jedhaniitti, dhimmoonni amma mudatan ni mudatu jedhamanii yaadamu qabu ture. Sababiinsaas siyaasni Itoophiyaa bakka paartiileen mormiitootaa qoodiinsa itti baayyatu, kan irratti waliigalan caalaa kan irratti walii hin galle kan caalu jiruudha. Kanaafuu, paartiin biyya bulchu ADWUI amma rakkoolee adeemsa jijjiramichaa mudatan akka hin umamne, yoo umaman ammoo yeroo hiikuuf hojjachu qabaata jedhanii amanu Dr Awwal. Motummaan kana taasisee osoo ta'e dhimmoota amma sararaan ala bahan, fi seeramaleessummaa dhabamsiisu ni danda'a ture jedhu. ''Lafa abdii itti kunnu irra gonkumaa hin geenye'' jechuun ammalleen dhimmoota bakkatti deebiisuuf akka hin guyyaafatiin himu. Biyya akka Itoophiyaa siyaasa wal xaxaa qabuutti ce'umsi siyaasaa salphaa akka hin taane ifa ta'ulleen, motummaan hojjechuu osoo qabaatu hojiiwwan manaa hin hojjatamiin jiraa chusaanii Dr Awwal dabalatee baayyeen ni himu. 'Sabboonummaa' Namoota qabeenyaa fi lubbuu isaaniif wabii dhabaniifi, waa'ee olaantummaa seeraa fi dimokiraasii dhimma lammaffaa waan ta'uuf, motummaan yeroo ammaatti olaantummaa seeraatiif xiyyeeffannaa addaa kennuu akka qabu yaadachiisu. Keessattuu karaa midiyaalee hawaasaatiin wal mormii fi wal aarsuun humnoota sabummaa leellisan jidduu jiru biyyattii gara balaa olaanaatti geessa sodaa jedhu qabu. Sabbontonni sabaa sirna duraanii nurratti deebiisuuf socha'aa jiru, sabboontonni Itoophiyaa ammoo waa'ee Itoophiyaa waan gaarii dubbatan illeen gochaan garuu kaayyoo sabboonummaa fiixaan baasuuf socha'aa jiru jechuun haala itti MM himataa jiran akka fakkeenyaatti eeru Dr Awwal. Mormiin qaamoolee kanneen lamaaniis paartii biyya bulchu mataasaa keessatti qodiinsa umeera jedhu. Keessattu paartii ODP fi ADP jidduutti adeemsi kallattii sabboonummaa hordofu jiraachusaa ni mulata jedhu. Paartileen haala siyaasa Itoophiyaa to'atan kunneen gama isaanitiin yoo dhiibbaa gareewwan sabbonummaa leellisan jalatti kufan, biyyattiif balaa olaanaa ta'a jedhu. ''Paartileen walii galtee yoo dhaban mormiin isaan jidduutti umamu paartiin biyya bulchu akka paartiitti akka itti hin fufneef kan taasisu yoo ta'e, biyyattii rakkina guddaa keessatti kufti jedheen yaada,'' jedhu. ADWUI kan dhiibbaa olaanaa qabu gara duubatti dhiisuun mataansaa rakkina kan qabaatu yoo ta'e, haalli ODP fi ADPn ammaa mataansaa paartii biyya bulchuuf rakkina qabaata. Tasgabbii dhabuun siyaasaa ADWUI keessatti mul'atu yaaddoo ta'uu kan himu Yonaataan, ABUT duraanuu adda addumaa qaabachuu ibseera, ODP FI ADP gidduus walitti qorruun akka jiru argita yaada siyaasaa tokko jala dhaabachuuf rakkachuun isaanii kuniis rakkoon jiru akka hammaatu waan godhe natti fakkaata jedha. "Haala amma jiruun biyyittiin hin kufti hin diigamti jechuun hololarra waan darbu miti. Anaan kan na yaadessu muddaamni siyaasa jiru kun rakkoo hawaasaafi dinaagdee waliin wal qabatanii yoo kan hammaatan ta'e gara walitti bu'iinsatti adeemuu danda'u kan jedhuudha." Qabxii Galmeessuuf Haalli biyyatti ammaa kan paartileen siyaasaa wal dhaggeeffachu diduun itti wal himachuun qabxii galmeessisuuf itti fiigaa jiran waan ta'eef, biyyattiin balaa irratti argamti jechuun yaaddoo isaanii himu Yunivarsitii Maqaleetti barsiisaa kan ta'e obbo Abrihaam. Kanaafuu humnooti siyaasaa hundinu dhaabbachuun biyyattiin attamiin yaa baraaramtu? jechuun yaaduun marii taasisuu akka dirqamasaatti yeroo itti ta'e irratti argamna jedha. Akka Dr. Awwal qaamoleen siyaasaa biyyattii yeroo kammiyyuu caalaa 'atis dhiisi atis' jechuun kennanii fudhachuuf qophii ta'u akka qaban yaadachisu. Kun akka dhugoomuuf ammoo waltajjiiwwan siyaasaa haqa qabeessi ni barbaachisas jedhu.
oduu-45598913
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45598913
Suuraawwan babbareedoo Afriikaa, Fulbaana 14-20, 2018ti
Filannoo suuraalee babbareedoo lammiiwwan Afrikaa, Afrikaafi addunyaa mara irraa.
Finfinneetti, Kefiyaaloo isa yeroo tokko hidhaarra ture, sirna simannaa hoggantoota ABO irratti halluu alaabaa bilisummaatiin faayame argame Dubartiin kuni immoo ittoo foonii Zigin jedhamu tolchiti, faayaan harkatti godhatte gaazexeessaa BBC Tigrinyaa Girmaay Gebruut kenneef. Keessummooti nyaata garbuurraa tolfamteefi Xihiloo jedhamtu filoodhaan ittoo keessa dhuubanii nyaachaa jiru. Xihiloon sirna addaaf dhiyaata. Dubartii Adigiraat cidhaaf harkashee hiinnaadhaan miidhagfatte Dargaggooti Keeniyaa kophee siliiparii calleerraa tolfamtu gabaa diidaa magaala guddoo Naayiroobiitti hojjatanii agarsiisaa turan Mootummaan erga barnoota bilisaa jalqabee, barattoonni sadarkaa tokkoffaa Seeraaliyoon, magaala guddoo Fireetaawonitti argaman guyyaa barnootaa tokkoffaatti jiru. Dubartiin kun immoo kitaabotaafi baruulleewwan takkaa faayidaarra oolan Iyivoorikoost, magaalaa Abiijaanitti karaa dura baafatee gurgurti. Achuma Abijaanitti, weellisaan reegee Alfaa Biloondii kooppii albama isaa Human Race jedhamu mallateessaa namoota harka fuudha. Magaalattii iddoo biraatti immoo namoonni ollaafi naannoo isaanii qulqulleessuun aantummaa hawaasaa agarsiisaa turan Gaafa wiixataa lolaa Naayijeeriyaa naannoo Koogiitti mudateen namni kun mala lolicha keessa ce'u malateera. Torbee lameen darbe keess lolaan kun lubbuu namoota 100 galaafateera. Pictures from AFP, EPA, Getty Images and Reuters
oduu-46943582
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46943582
Dureessichi beekamaa qorannoon booda abbaa ijoollee isaa sadanii hin ta'iin hafe
"Akka waan burruusa wa'iitiin na rukkutaniitti natti dhaga'ame."
Richaard Maason Richaard Maason yeroo akka abbaa ijoollee isaa sadanii hin ta'iin itti himame maal akka itti dhaga'ame BBC'tti himetti Kan kana jedhu dureessa lammii Biriitish umuriin isaa ganna 54 ta'edha. Abbaan qabeenyaa beekamaa kun kaampaanii fuula MoneySupermarket.com jedhamu Biritish keessatti gatiiwwan/gabaa madaalu/dorgomsiisu namoota biroo waliin hundeessedha. Jecha armaan olii kanas kan dubbate waggaa lamaan dura yeroo dhukkuba akka namni dhalchuu hun dandeenye ykn nama maseensu cystic fibrosis jedhamu qabu doktoroonni itti himan ture. Rifaatii/naasuu guddaa ture, haata'u malee naasuun isaa kun dhukkuba kana umurii isaa guutuu baataa turuu isaatiif miti. Maason ijoollummaa isaa irraa jalqabee akka dhalchuu hin dandeenye dhukkuba akka qabu bare. Kana jechuun ammoo abaa dhugaa ijoollee isaa sadanii haadha warraa isaa duraanii Katee waliin qaba jedhuu miti jechuudha. Waggoota lamaan dura, Riichard Maason sababii rakkoo fayyaa yeroo ijoollummaa isaa isa mudate irraan kan ka'een dhala godhachuu akka hin dandeenye itti doktoroonni itti himanii turan. Achiin booda maaltu ta'e? "Ani dhiironni cystic fibrosis qaban hunduu maseenadha waan ta'aniif carraa isaan abbaa dhugaa ta'anii dhalchan baayyisee xiqqaadha," jechuun BBC'tti hime dureessichi. Qorannoon qaccee sanyii (DNA) ijoollee sadanii taasifame akka agarsiisutti Maason abbaa ijoollee isaatii miti "Ani jalqaba qorannichi sobahdan jedhe garuu dorktoroonni sirriitti mirkaneeffanneera jechuun akka ani haadha manaa koo duraatti dubbadhu barbaadan." Maason kan amma qorannoo fayyaa gaggeessuun barbaachiseef inniifi haati manaa isaa isheen yeroo ammaa Emmaa jedhamtu ulfa argachuu waan dadhabaniif ture. Yakka abbaa sobuu/abbaa dhoksuu Achumaanis haadha warraa isaa ishee duraa Kateetiin gaafate. Ishee waliinis bara 2007 erga gaa'ela waggaa 20 waliin turanii booda walhiikan. Ishee ammoo ijoollee lakkuu Ed fi Joel jedhaman umuriin isaanii waggaa 19 ta'an akkasumas Willem kan umurii ganna 23 kan isaa akka turan itti himte. Haata'u malee, kun qorannoo DNA tiin soba ta'ee argameera. "Yeroo dheeraatiif waanti ta'e gurra kootti iyya (mataa keessa na naanna'a. Waanti ta'e tokko akka ana irratti hojjetamaa jirun shakka ture," jechuun ibse Maason. Abbaan murtii bokku uqabatee "Eenyutu abbaa ta'uu danda'e jedheen yaaduun jalqabe. Waanan beeka garuu nan dhabe." Richaard haadha warraa isaa duraanii kana yakka abbaa dhoksuu/waliin dha'uutiin mana murtiitti himatee ture. Ji'a Sadaasa darbees manni murtii miidhaa haati warraa isaa duraanii kun isa irraan geesseef Birrii miiliyoona 12 ykn Paawondii 320,000 ol akka kaffaltu itti murteesse. Dubartiin kun yeroo isa waliin wal hiikan maallaqa paawondii miliyoona 5 ykn Birrii miliyoona 190 ta'u irraa fudhatteetti. Isheen (haati warraa isaa duraanii) abbaa ijoollee kanaa himuu hin barbaanne-maaliif, nuti hin beeknu. Manni murtiis Kaateen akka abbaa ijoollee sadanii isa sirrii akka himuuf dirqama hin qabne ykn icciitiin qabachuuf mirga qabdu hayyameera. "Isheen (haati warraa isaa duraanii) abbaa ijoollee kanaa himuu hin barbaanne-maaliif, nuti hin beeknu," jechuun Roojer Terreel Abbaa seeraa Richaard Maason dubbateera. Riichaard Maasoniifi haadha warraa isaa ishee ammaa "Gara fuula duraa guyyaa tokko ijoolleen dhiiraa kun abbaa isaanii isa dhugaa baruu ni barbaadu- anis odeeffannoo sana isaaniif nan qaba. Hiriyyoota koo keessaa tokkodha ta'ee hin beeku, garuu namoota warra natti dhiyaatan keessaati," jedheen amana jedha Maason. "Nama natti dhiyoo jiru ta'ee kan yeroo ani ijoollee dhiiraa kana eegu na argau, yeroo ani kubbaa miilaa ykn raagibii taphadhu yookaan ammoo maatii barataatiif jecha alkan mana barumsaa jiru quba na qabudha," jechuun BBC'tti hime. "Yeroo jireenya fokkisaa dhoakataa akkasii jirenya kee keessati qabaattu gara malee si miidha; namni kamiyyu ammoo odeeffannoo sana baruu barbaada," jechuun itti dabalee ibse. Abbaan qabeenyaa kun nama abbaa dhugaa ijoollee sadanii sana natti himeef Birrii 243,000 ykn paawondii 6,400 akka badhaasu waadaa galeeraaf. Akkaa gaazexaan Biriitish The Daily Mail gabaasetti Maason abbaan ijoollee sadan kan dhalatan nama haadha warraa isaa duraanii kan taate Katee waliin darbee darbee baroota 1990 keessa walitti dhufeenya qabaataa tureefi nama baankii Barclays keessa ishee waliin hojjetu ta'uu mala jedhee amana. BBC'n Katee dubbisuudhaaf yaalus deebii kennuu hin barbaanne. No contact Dhimmi mana murtichaa Maasoniif dhukkubbii biraa uumeera,, ijoolleen isaa lamaan isa qunnamuu dhaabaniiru. "Maal akka isaan Feesbuukii irratti hojjetan argeera, sun hedduu laphee koo na cabse," jedhuun Daily Mail tti hime Maason. Yeroo ammaa kana warra lakkuu keessaa tokko kan ta'e Ed qofatu Maasoniin dubbisaa jira. Joel garuu, warra lakkuu keessaa inni tokko callisuu isaa cabsuun Daily Mail tti akka himetti amala Maason torban darbe dubbateera. "Inni nama baayyee namatti fayyadamuufi nama miidhudha, inni nama sirrii waliin ta'uun barbaachisu miti. Kana ani yeroon waggaa 15 turen hubachuu jalqabe," jedha. Haata'u malee, gurbaan kun abbaan isaa inni sirriin eenyu akka ta'e baraa akka barbaadu hgin dubbanne. "Richaard abbaa kooti ani isa sirrii barbaachi hin dhaqu. Ani nuti akka lafarra jirruuttillee kan beeku natti hin fakkaatu."
oduu-54398810
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54398810
Baankiin Ijaa Itoophiyaa namoota 2400'f agartuu deebisuu ibse
Baankiin Ijaa Itoophiyaa tibba kana badhaasa 'P3 IMPACT AWARD' jedhamu aragate.
Baankichis badhaasa kana kan argate Ministeera Dhimma Aalaa Ameerikaatti Waajjira walta'insa Idi-addunyaa; Dhabbata tola ooltummaa Konkordiyaa jedhamuufi Yunivarsitii Varjiiniyaatti irraayi. Baankiin Ijaa Itoophiyaa dhaabbate biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii keessatti qofaasaa agartuu ijaa namootaa walitti qabuun jiddu-galaawwan agartuu wallaananiif raabsuun gargaarsa taasisaa kan jiruudha. Baankiin ijaa Itoophiyaa waggoota 17 dura kan hundeeffame yoo ta'u, kaayyoonsaa ijoonis, qaroo dhabuummaa sababiiwwan godaansa agartuufi rakkoolee walfakkaataniin walqabatee dhufu ittisuufi wallaansi kunis Itoophiyaa keessatti akka eegalmu taasisuu ture. Haaluma kanaanis dhaabbanni kunis hojii gaarii hojjataa jiruun badhaasa kana argachuu danda'e jedhu Ittigaafatamtuun baankichaa Lamlam Ayyalaa. ''Baankichi namoota godaanis ijaafi sababiiwwan kana fakkaataniin agartuu dhabuuf saaxilaman wallaanuun hojii gaarii raawwateen badhaasa kanaaf qaqqabe''jechuun BBC'tti himan. Badhaasa kanaaf dorgomtoonni shan kan dhiyaatan yoo ta'u, kanneen keessaati, baankiin Ijaa Itoophiyaa badhaafamu kan danda'e. ''Baankiin Ijaa Itoophiyaa badhaasa kana argachu kan danda'e hojii walta'insa sadarkaa addunyaatti rawwateen. Fakeenyaaf Baankichi Ministeera Fayyaa, dhaabbata Ameerikaa ijarratti hojjatuu'Sight life' jechamuu fi Pirojaktii Himaliyaan Katarakti waliin ta'uu hojii Itoophiyaa keessatti qaro dhabummaa ittisuuf taasiseen'' jedhan Daarektaritiin kun. Addunyaa irratti namoonni qarosaanii sababii garaa garaatiin dhaban miliyoon 12 ta'aniitu argama. Kanneen keessaa kan kuma 300 ta'an Itoophiyaa keessatti kan argaman ta'u ibsi dhaabbiee waliin ta'insaan dhimmi kanarratti hojjataniin bahee tokko ni mul'isa. Badhaasin amma Baankii Ijaa Itoophiyaa argame kunis kan kennamuu dhaabbilee motummaa, mit-motummaa fi tola oltummaa garuu hojiiwwan rakkin hawaasaa hiikaniifi tajaajila hawaasaafi kennan irratti hirmaatan jajabeessuuf jedhameera. Daareekataritiin akka jedhaniitti, rakkoolee godaanisa ijaatiin walqabatanis balaa ilmaan namaa gara qaroo dhabuu qaqabsisaniidha. ''Haa ta'u malee qaro dhabumaa akkasii kunis gutummaatti fayyu kan danda'udha'' jetti. ''Rakkoon akkasii kunis fayyu kan danda'u ammo yoo namoonni du'u isaanitiin dura qaroo ijasaanii arjomaniidhas,'' jedhan. ''Dhukkuboonni qaroo ijaa nama dhabsiisan hedduun yaalamuu kan danda'anidha'' Fakkeenyaaf namoonni wayita lubbuun jiran yoo qaroo ijasaanii baankichaaf arjoman, baankichi wayita namni sun du'uutti qaroo sana walitti qabuun kaa'ee, erga qulqullinaafi sadarkaa fayyinsaanii haalaa mirkanneesseen booda haaluma wallaansa sadarkaa idil addunyaatiin namoota rakkina qaroo ijaa qabaniif akka oolfamu taasifamu. Badhaasni amma baankiichi argatees hojii kana haala gaariin waan hojjateefi ta'u dabaluun himan Daarekiritiin Lamlam Ayalaa. Baankichi beekkamtii idil-addunyaa akkasii argachuun isaa carraaqqii namoota qaroo dhaban tajaajiluuf taasisuu keessatti hiikkaa olaanaa qabachuu ni himu. Fakkeenyaaf, ''baankii ijaa Itoophiyaa haala aadaa lafa namoonni baayyeen waa'ee qaama ofii (qaroo) du'aan booda arjoomuufi wallaansaan deebiisanii qaroo nama biraa irraa argameen wallaanamuu irratti hubannoo gadaanaa ta'e keessatti hojjataa jira,'' jedhu daarektarri kun. Kanaafuu badhaafni amma dhaabbatichi argate kunis hubannoo hawaasni gama kanaan qabu cimsuufi ta'e deeggarsa barbaachisu argachuuf gahee olaanaa qabaachuulleen hin dhoksine. Baankiin Ijaa Itoophiyaa Afriikaa keessatti kan jalqabaa waan ta'eef, badhaasichi yaalii gara wiirtuu qu'annootti guddachuuf taasisaa jiruuf gumaata qabas jedhan. Baankichi hnaga ammaatti hojiiwwan hawaasni qaroo ijasaa erga du'aniin booda akka arjomaniif barsiisuu, erga du'aniin booda namoota arjoman irraa qaroo ijaa walitti qabuun sadarkaafi qulqullina qaroo sassaabamanii mirkanneessu akkasumas dhaabbilee wallaansa qaroo bakka buusuu raawwataniif dhiyeessuu hojjataa jira. Baankiin kunis Magaalaa Finfinnee Hospitaala Minilki keessatti waggaa 17 dura tajaajila kennuu kan eegale yoo ta'u, amma garuu bakkeewwan garaa garaa afuriitti damee saaqqachuun hojjataa jiraachuu daarektarittiin ibsaniiru. Haaluma kanaanis Naannoo Oromiyaatti Hospitaala Yunivarsii Jimmaa keessatti, Naannoo Amaaraatti Hospitaala Yunivarsitii Gondariitti, Tigraayi Hospitaala Qihaa keessattiifi Kibbatti ammoo Hospitaala Haawaasaa keessatti wallaansa qaroo ijaa geeddaruu kana raawwataa jiraachuu dubbatan. Haaluma kanaanis waggoottaan darban kanneen keessatti Itoophiyaatti namoonni 2,400 wallaansi qaroo ijaa bakka buusuu taasifamuun ifa deebiisanii akka argatan taasifamuu daarektarri dhaabbatichaa dubbatan. Haaluma walfakkaatunis namoonni kumaatamaan lakkaa'ama erga du'aniin booda qaroo ijaasaanii arjopmuuf waadaa galuusaanilleen ibsaniiru.
oduu-54296495
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54296495
Guddifachaa: Namichi gur'aachi daa'ima adii guddifachaan fudhate butteeta jedhame
Yeroo baayyee warreen adiitu ijoollee gurraacha guddifachaan yeroo fudhatan mul’ata. Faallaan kanaa yoo mudatu,gurraachi yookiin lammiin Eeshiyaa daa’imman adii yeroo guddifachaa fudhatan qondaalotiifi qaamoleen hawaasaa biroollee ni shakku.
Guyyaa tokko Kaaba Kaarooliinaa, Charloteetti irbaata irra osoo jiranii Piiter osoo Jooniin mucaa tokko waliin wal mormuu arga. Osoo dubbii cimaan hin ka’iin dura mucaa isaa fudhatee herrega waan fayyadamani kaffalee bahe. Ilmasaa bobaa isaa jalatti qabachuun daddafee herrega kaffale. Akkuma Piiter Joonii qabatee gara konkolaataa isaanii deemeen Jooniin gadhiifachuuf wixxifata. Piiter lafa isa kaa’uun konkolaataa bane. Kana gidduutti dubartiin tokko itti dhiyaachuun, ija shakkiin ilaalte. ‘’Haati mucaa kanaa eessa jirti?’’ jette. Ani abbaa isaati’’ jechuun deebise Piiter. Dubartiin kun duubatti deebitee konkolaataa Piiter bira dhaabachuun lakkoofsa gabatee konkolaataa isaa ilaaltee moobayila ishee baafatte. ‘’Heloo, Poolisii adaraa,’’ jechuun suuta jettee dubbatte. ‘’Hey, nama gurraacha tokkotu mucaa adii tokko waan maatii jalaa hate natti fakkaata.’’jette. Jooniin akka tasaa tahee hin socho’u, ol jedhee callisee Piiteriin ilaalaa jira. Piiter ofitti hammateera. ‘’Homaa rakkoon hin jiru,’’ jedhe Joon. Naannoo imalaa Loonlii Pilaaneet jedhamtu namoonni dafanii keessa bahuu barbaadu. Yugaandaa keeessatti naannoo daangaa Ruwaandaa fi Demookiraatik Riippaabiliik Of Koongootti iddoo ce’umsaa paarkiiwwan biyyaalessaati. Piitariif iddoon dhalootasaati,waa’ee naannicha yaadannoo gaarii hin qabu. Maatii hiyyeeyyii keessatti guddate. Yeroo ijoollee ture miseensoti maatiisaa lafarra ciisuu ture. Waan guddaa itti of abdannu hin qabnu ture. Laaqanaaf kan nyaannu,mosee fi shoorbaa dha,yoo carroomne immoo kotoree arganna jedha. Haleellaafi alkooliin machaa’uun jireenya Piitar ture. Jireenya isaatti haaragalfii yoo barbaadu mana adaadaa isaa deema ture. ‘’Karaa tokkoon maatii bal’aa qabna,ijoollee guddisuuf garuu hawaasni ganda sanaa hirmaachuu qaba.,’’ jedha Piitar, Garuu wacaafi muddamaan jiraachuu jibbee manaa akka bade hin haalle. Waggaa 10tti daandiitti ba’anii jiraachuu filate. Waa qabu qabatee gara buufata konkolaataatti godaane. ‘’Konkolaataa isa kamtuu karaa fagoo adeema?’’ jechuun dubartii otoobisii eegaa turte gaafate. Isheenis qubaan isatti agarsiiste,mallattoo otoobisii irra jiru dubbisuu baatus garuu qabate. Galmi konkolaatichaa daangaa Yugaandaa km400 irra ture. Adeemsa guyyaa tokkoo booda magaalaa Kaampaalaa gahee, lafa gabaa deemuun warreen daandii irratti miya gurguran, ‘’hojiin hojjedhee nyaata ittiin bitadhu argachuu danda’aa?’’ jedhee gaafate. Waggoota muraasaaf Piitar daandiirra jiraate,warreen akka isaa daandiirra jiran wajjiin soorata qooddate.Dandeettii jireenyaa gaarummaa ija namaa ilaalanii adda baafatan gonfate. Namni gaariyyoon tokko Jaasiik Maasiikoo jedhamu,akkuma yeroo kaanii torbee isaa eeggatee gabaa bahe,otoo gabaadhaa hin bahiin Piitariif nyaata biteefi. Waggaa tokko booda namichuti kun Piitar barachuu barbaada yoo taheef gaafate.Piitar ‘eeyyee’ jedhe jennaan Maasiikoon mana barumsaa isa galche. Ji’a jaha booda Piitar barumsa isaan cimaa tahuusaa arganii maatiin Maasiikoo isaan waliin akka jiraatu gaafatan. Piitar Maasiikoo faa waliin akka miseensa maatii tokkootti jaalatamee jiraachuu jalqabe, boodas barumsaan cimaa tahuufi carraa barnootaa bilisaa argachuun oolmaa deebisuu jalqabe. Waggoota kurnan muraasa booda Piitar nama ganna 40 keessa jiru dha.Ameerikaa keessa gammachuu dhaan jiraata.Dhaabbata miti-mootummaa Yugaandaa keessatti warreen harka qalleeyyii deeggaruu waliin hojjechaa ture. Dhimmuma hojii isaan otoo imaluu maatii mucaa isaanii guddifachaan fudhatan qabatanii yoo deeman argee, ‘’edaa hanguma ijoolleen Yugaandaa keessa jiran deeggarsa fedhan Ameerikaa keessallee daa’imman manaafi maatii waliin jiraatan barbaadu. Yeroo imala isaarraa deebi’u Piitar Kaaba Kaarolaayiinaatti deebi’ee dhaabbata ijoollee mana hin qabne of bira tursu bira dhaqee tola ooluun barbaada jedhe. ‘’Ijoollee guddifachaan fudhattee maatii gochuu yaaddee beektaa?’’ jechuun gaafachaa eenyummaasaa galmeessuu jalqabde. ‘’Anoo hin fuune,’’ jedhee deebise. ‘’Maarree, ijoolleen dhiiraa abbaa fakkeenya isaaniif tahee faana isaa hordofuu barbaadan jiru,’’ jetteenii Kana dura namticha tokko qofatu ijoollee fudhatee guddisuuf Kaaba Kaarolaayinaattii kan galmaa’e. Yeroo unka guutu, Piitar daa’ima gurraacha naa kenna jedheetu yaadaa ture. Yeroo daa’imni adii waggaa shanii isaaf kennamu ni nahe. ‘’Yeroo kana dha ijoolleen hundi manni akka isaan barbaachisu kanin bare. Bifti waan ani itti dhimmamu hin turre,’’ jedhe Piitar. ‘’Mana kutaa lama qabun qaba ture, namni kun isa barbaachisu hundi dhufee keessa jiraachuu danda’a jedheen amana ture,’’ Akkuma Masiikoon anaaf godhe anis ijoollee biroof hojjechuun fedha. Waggaa sadii keessatti ijoolleen sagal Piitar waliin jiraataniiru. Maatii isaanii otoo hin argatiin dura dahoo isa godhataniitu turan, isaanis gurraacha,Hisbaanikii fi adii turan. ‘’Yeroo hunda kan ani hin dandeenye yoo ijoolleen na dhiisanii deemani dha,’’ ‘’Waa baratamu miti,’’ jedha. Gaaf tokko ammas gaafa Jimaataa dhaabbata tola oolaarraa bilbilli bilbilameefi, mucaan ganna 11 Antoonii jedhamu hatattamaan iddoo akka barbaadu itti himan. ‘’Erga mucaan inni dhumaa isa bira ture guyya tokko dura ture kan deeme. Yaadaan waanin miidhameef, lakkiin jedhe. Yoo xiqqaate baatiin lama na barbaachisa,’’ jedhe.Isaan garuu kan mucaa kanaa adda dha, waanti hamaan irra gaheera, torbee tokkoof isa tursiisiitii booda isa fudhanna naan jedhan jedha. Boodatti harkifachaa dhuma Piitar waliigalan- Antooniin dheeraa,salphaa fi qaama ispoortiin ijaarame, rifeensa boorajjii qabu-halkan qixxee booda mana fidan.Ganamsaa Piitariifi Antooniin ciree waliin nyaatan. ‘’Piitar jettee na waamuu dandeessa,’’ jedhe mucaatti. ‘’Innimmoo abbaa koo siin jechuu danda’aa? jedhee na gaafate. Piitar ni rifate. Lamaan isaanii sa’atii dheeraaf walitti hin dubbanne. Piitar waa’ee Antoonii beekuu baatus garuu mucaama isaa itti fakkaate. Sanbattan irra waliin bilcheessaa fi odeessaa oolan. Gabaa bahanii Piitar Antoonii dhaaf wayyaa biiteef, gaaffiiwwan kanneen akka nyaata akkamii jaalattaa? Fiilmii akkamii jaalattaa faa wal-gaafatan ‘’Waliigalla moo waliif hin taanu waan jedhu’’ wal qorachaa oolan. Gaafa wiixataa warreen dhaabbati ijoollee kana walitti qabu dhufu Piitar seenaa Antoonii barate. Waggaa lamatti ture lafa kunuunsa ijoollee kan gale. Waggaa afuritti immoo maatii biraan fudhatamee ture. Amma waggaa torba booda maatiinsaa guddifachaan isa fudhatan isa ganan. ‘’Kana amanuu hin dandeenye,’’ jedhe Piitar,’’Nagaatti hin jenne, sababa itti hin himne, deebi’anis isa hin barbaanne.Kun hinuma na ajjeese. Akkamiin namni namarratti kana dalaga?’’ ‘’Jireenyi Antoonii jireenya ijoollummaa kootti na deebise. ‘’Mucaan kun akkuma koo umuriinsaa 10 iddoo deemu dhabeetu jira. Kana booda hojjettoota hawaasaatti garagalee,’’ waraqaa mana barumsaa akka deemu barbaachisu na guuchisaatii ani falan barbaadan,’’ jedhe. Antoonii ilaalee egeree ifaa akka qabu itti dhagahame Piitar. ‘’Yerooma na arge abbaa naan jedhe. Akkan abbaa isaaf tahu danda’u itti dhagahameera Dhaabbatumaan na faana akka jiraatu lamaan keenyayyuu durumaa qabee barree turre jedha Piitar. Waggaa tokko keessatti Piitar Antooniidhaan ifatti guddifachaan isa fudhate. Antooniin Piitariidhaan abbaa waa’ee abbaa kee Yugaandaa jiru natti haasa’i jedhaan. Yeroo Piitar nyaata Yugaandaa qopheessu isa gargaara. Mana barumsaatti Piitariin abbaa kooti jedhee beeksisuu jalqabe.‘’Kuni abbaa kooti,jedhee yoo gammadu hiriyyooti isaa ija shakkiin isa ilaalu,’’ Haa tahu malee yeroowwan rakkisoos dabarseera. Guyyaa boqonnaa tokkorra, eegduun buufata xiyyaaraa tokko Antoonii dhaabee maatii isaa gaafateen. Antooniin Piitariin itti agarsiiseen jarri battaluma sakatta’uu jalqaban. Antooniin sanyummaa ifatti argeen ni rifate,Piitar isa tasgabbeesse. ‘’Ani abbaa kee dha, nan si jaaladha garuu namoonni akka keenyaa yeroo hunda akka gaaritti hin ilaalaman,’’ jedhe Piitar. Ati waa tokkottillee aaruu hin qabdu, kan ati goodhuu qabdu namoota ana fakkaataniif kabaja qabaachuu qabda,’’ Piitar jalqaba waggaa kanaattis dhaabbata kunuunsa ijoollee sanarraa bilbilanii mucaa Joonii(Maqaa sirrii miti) yeroo koronaavaayirasii keessa fudhatee guddisaa jira. Jooniis akkuma obboleessa isaa Antoonii ‘abbaa’ jedhee waamuu jalqabe. Jooniin immoo rifeensa isa warqee fakkaatuu fi qaama qal’aa qaba. Yeroo Piitar waliin tahu shakkiin ilaalamuu sana cirumaa dabaleera.. Piitaris kanumaafi yeroo dubartiin konkolaataa biratti poolisii waamuun kan isa hin dinqine. Piitar waan akkasii kun inni gurraacha tahuufi Joonii adii tahuusaaf qofa irra deddeebiin mudachuu akka danda’a ibseera. Yeroo Joorji Filooyiid du’e sana Antoonii waliin taa’anii haasa’aniiru. Piitar Antooniin yeroo hunda bilbilasaa banaa akka godhu itti himeera, poolisiin yoo isa qabe jechuun. ‘’Akka nama gurraachaatti waa’ee mataa koo ibsuuf sekandii 10 qofan qaba.’’jedha Piitar. ‘’Antoonitti kanan himu yoo poolisiin na dhaabe bilbila baasiitii waraabi kan jedhu dha,’’ Maaliif isa qofa dha ragaan koo,’’ jedha. Qorannoon ogeessa xiinsammuu waa’ee maatii qoratu Nikoolaas Ziil Ameerikaa keessatti warreen adiitu sanyii isaanii ala ijoollee guddifachaaf caalaatti fudhata jedheera. Odeeffannoon dhiyeenya bahe akka agarsiisutti 2016tti guddifachaa daa’imman adii harka 1 qofatu gurraachaan guddifachaaf fudhatame. Karaa biraan guddifachaan harka 11 maatii adiitiin taasifama jedha. Piitar yeroo uggurri imalaa ka’uu ijoolleef karoora qaba. Yugaandaa isaan dhaqtee abbaan isaanii eessaa akka dhufe akka argan barbaada. Maatii Joonii waliin immoo hariiroo gaarii uumuun maatii isaatii yoo deebi’ee akka nagaan xumuramu barbaada. Haa tahu malee karaa miidiyaa hawaasa gaaffiin fuudhaa isaaf dhiyaatus tole hin jenne. ‘’Ijoolleen koo yeroo hunda tasgabbaa’ee of gaafan isaaniif kennu na argtanii hin beekan kanaaf guutummaan guutuutti isaaniif jiraachuun fedha’’ jedhe.
oduu-46503792
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46503792
Gaggeessitoonni addunyaa 'godaansa to'achuuf' jedhu
Waliigalteen baqattummaa to'achuu sadarkaa addunyaatti isa jalqabaati jedhame kora Morookoo guyyaa lamaaf taa'amuun booda mallattaa'uuf jedhameera.
Dhaabbata Biyyota Gamtoomaniitti Gurmiin Addunyaa kan Baqattootaa kaayyoowwan hedduu lafa kaa'e keessaa walta'insaan daangaa irratti to'annaa gochuufi baqattoonni tajaajilawwan bu'uuraa akka argatan mirkaneeffachuun keessatti argama. Kora Maraakash magaalaa guddittii Morookootti taa'amuuf jiru kana irratti Chaansilarri Jarman Angellaa Merkel gaggessistoota biyyoota irratti argamu jedhamanii eegaman keessa isaan tokkodha. Biyyoonni baayyeen garuu, Poolaandiifi Awustiraaliyaa dabalatee, keessatti hirmaachuu didaniiru. Gabaasaan BBC akka jedhutti ammoo paartileen siyaasaa kutaa addunyaa gara garaa keessa jiran rakoo daangaa biyyootaa ce'uun dhiibbaa uumu kanaaf fala hedduu qaba jechuun furmaata dhiyaate kana mallattesuudhaaf miira hin qabnu jedhan.
oduu-54565863
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54565863
Argannoo saayinsii: Daa’imni ganna 12 lafee daayinoosarii ganna miiliyoona 69 argate
Daa’imni ganna 12 lafee daayinoosarii waggoota miiliyoona 69 dura ture argate.
Daa’imni lafee qorachuu reefu jalqabe kun, osoo abbaasaa waliin Albeertaa, Kanaadaa keessatti tabba bahan ture kan lafee kana argate. Naataan Hiruuskiin yeroo jalqaba ijjisaa lafeerra buute “waan jedhu dhabe” jedha. “Gammaduun osoo narra jiraatuu, ani garuu hin gammanne,” jechuun BBC’tti himeera. ''Lafee daayinoosarii argachuu kiyyaaf naasuu keessa ture.” Naataan ganna jaha irraa kaasee daayinoosariirraa fedhii qaba ture, innis yeroo baay’ee abbaasaa waliin bakka Eegumsa Uumamaa Kanaadaa deema. Yeroo hundaa wanti na raaju, akkaataa lafeensaanii lafee akka keenyaarraa gara dhagaatti jijjiiramuudha jedha Naataan. 'Abbaa, dafii as koottu!' Waggaa dura lafee xixiqqoo caccabe arganii turan, abbaansaa dhagaa gama gubbaatiin jirurraa gad bu’an itti fakkaatee ture. Naataanis barana waa’eesaa qorachuu jalqabe. Lafeewwan kunniin yeroo duraaniirraa guddatee mul'ata ture. “Abbaa, dafii as koottu!'' jechuun abbaasaa waame. Akkaataa sagalee Naataan irraa abbaansaa akka inni waan tokko argateeru beekeera. “Lafee dhagaarraa hojjataman fakkaatu – waan biraa waliin walfakkaatee si dogoggorsuu hin qaban,” jedhe abbaansaa Diyoon Hiruushkiin. Erga mana gahan booda Muuziyeemii Rooyaal Tiyireel argannoosaanii irratti qorannoo jireenya duraa akka taasisuuf bilbilan. Muuziyeemichis suuraa fi bakka argamaa akka erganiif gaafate. Baadlaandis bakka argama lafee hedduu fi daayinoosarii Albeertoosaayuras jedhame kan xumura 1800’oota keessa Jooseef Tirireeliin argameeti. Ta’us garuu kutaan lafaa isaan lafee daayinoosarii kana itti argatanii argama daayinoosariin kan beekamuu waan hin taaneef, muuziyeemichi qorattoonni akka qoratan gara bakkichaa ergeera. Isaanis hamma ammaatti lafee 30 – 50 kan Hadrosaur ganna sadii yookiin afur ta’ee argataniiru. Lafeen daayinoosarichaa isaan argatan gama saayinsiitiin argannoo guddaadha. Lafeenis waggoota miiliyoona 69 dura ture; argannoowwan baay’een yeroo sanitti turan baay’ee miti jedheera muuziyeemichi. “Argannoon Hadroosar kanaa argannoo baay’ee murteessaadha. Sababni isaas yeroo sanitti Albertaa keessatti daayinoosaroota yookiin bineensota akkamiitu jiraachaa akka turan baay’ee hin beeknu waan ta’eefi. Argannoon Naataanii fi abbaansaa beekumsa daayinoosarii keessatti qaawwa jiru guutuuf nu gargaara,” jedhan muuziyeemii keessatti ogeessi lafee Firaankoyis Teereen. Naataan waa’ee daayinoosarootaa qorachuun akka isa gammachiisu dubbata. Isaan arguun gaariidha, hojii ji’ootaan booda dhumarratti lafarraa waan tokko arganneerra jechuun dubbata.
isportii-44519772
https://www.bbc.com/afaanoromoo/isportii-44519772
Kooriyaa Kibbaa: Leenjisaan garee faallaa walii-wallaalchisuuf uffata taphatootasaa wal jijjiire
Leenjisaan garee kubbaa miillaa Kooriyaa Kibbaa, tapha michummaa gareensaanii taasisan irratti garee faallaa waliiwallalchisuuf jecha taphatootnisaa uffata taphaa lakkoofsa garaagaraa qabu akka uffatan godhe.Taphataa sarara duraa Tootenaam Haangi Miin Saan fi dursaa taphatootaa Kii Suungi Yuweeng qofatu lakkofsasaanii duraanii uffate.
Kooriyaan Kibbaa Waancaa Adunyaarratti yeroo salgaffaaf walitti aansuun taphachuufi Achitti lenjisaan Swiidin erga filataan taphatootaa tokko bakka leenjii cufaa garee kooriyaa Kibbaa kana deemuun basaaseera jedhamee dhiifama gaafateera. Gareen lamaan har'a kan taphatan taha. Kan nuyi cufnee hojjenuufii garee masaanuu keenyatti waan hundaa agarsiisuu fi himuu waan hin qabneefi, sababnisaas akka adda nu baafachuu hin dandeenyetti walii taphatoota keenyaa walaalchisuufi jedhe Taayi Yoong. "Taphatoota keenya muraasa beekuu danda'u. Haa tahu malee biyyootni Lixaa namoota Eeshiyaa addaan baafachuun waan itti cimuuf nuyis akkas isaan goone jedhe. "leenjistootni hundinuu waan yeroo hundaa gareen faallasaanii isaan basaasan itti fakkachuu danda'a.'' "Akkan yaadutti kun waanuma jirudha ,nuyis hamma danda'ame odeeffannoo garee faallaa argachuuf yaalii taasifna waan taheef jedhe leenjisichi. Ibsa miidiyaa taphaan dura kennameen,leenjisaan Swiidin Jaanee Andersan ,filataan taphatootaa Laasee Jaakobsan dhoksaadhaan qophii kooriyaanotaa Oostiriyaa keessatti ilaaluu hime. Kun Jaanee Andersaniif akka leenjisaatti tapha guddaa jalqaasaati.erga bara 1994 Toomii siivonsonii as leenjisaa Swiidin yeroo jalqabaaf gareesaa,ramaddii keessaa dabarsu tahuufis yaalaa jira. "haala shaakalasaanii dhagahee ture,akka bakka cufaatti shaakalaa jiran hin hubanne ture,fageenyarra dhaabatee ilalaa ture jedhe Andersan. "haala kamiyyuu keessatti garee faalla kamittiyyuu kabaja agarsiisuun gaariidha.Yoo namni kana gara haala biraatti hiikatu jiraate garuu baay'ee gaabbina. "kun akka hallayyaa keessaa gaara hojjechuutti ilaalama.'' Ramaddii cimaa gareesaanii Jarmanii fi Meksiikoon argaman keessaa darbuuf morkiin har'a gaggeesan baayee murteessa taha.Dursaan taphatootaa sarara ittisaara taphatu Andirees Graankivist gareensaanii qophii tahuu himeera.
oduu-52901872
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52901872
Koronaavaayirasii: Aanga'oota addunyaa 10 Covid-19 to'achuuf seera baasan ofumaa cabsaniin walbaraa
Sababii Covid-19 walqabatee firoonni wal arguu dadhabanii, fira, hirriyaa fi jaalalleen osoo hinhafne wayita du'aniitti dhaabbatanii awwaallachuun rakkisaa ta'eera.
Pirezidant Tiraamp bakka maaskii godhachuun dirqama itti tureetti osoo hinkaawwatiin mulataniiru Seerri ugguraa biyyoonni labsanis tatamsa'ina Covid-19 kana akka hir'isu amanamulleen namoota hedduu aarsaa olaanaa kanfalchiiseera. Biyyoota tokko tokkoottis kanneen seera fageenya eeggachu kan hinkabajne wayita addabbii cimaaf saaxilaman dhagahama. Garuu ammoo aanga'oonni siyaasaa, saayintistoonnii fi gorsitoonni seerawwan kanneen baasan tokko tokkoos ofiisaanii wayita seerawwan kanneen cabsan mul'atu. Isaan keessaa kudhan kunooti. Donaald Tiraamp Lakkoofsa baay'ina namoota Covid-19n addunyaarra du'an keessaa %30 Ameerikaa keessatti argamu. Pirezidanti Tiraampi maaskii uffachuun gaazexessitoota gammachisuu akka hinbarbaannee dubbate ture Torban jalqaba baatii Ebla keessatti, Ameerikaatti jiddu galli Qorannoofi To'annoo Dhukkubootaa (CDC) Covid-19 ittisuuf ummanni hundi akka maaskii kaawwataniif gorsee ture. Pirezidantiin biyyattii Tiraamp garuu gorsa kana hinfudhanne. ''Ani ofii kiyyaan uffachu hinbarbaadu,'' jedhanii turan. Kana malees, wajjira kiyya taa'ee wayitan aanga'oota addunyaa nagaa gaafadhuutti maaskii uffadhee mullachuu hinbarbaadu jedhee ture. Haa ta'u malee, bulchiinsoonni akka Michigaan fa'i maaskii uffachuu dirqama taasisaniiru. Caamsaa 21 Donaald Tiraamp wayita dhaabbata Foordi kan Ventileetarii omishuu doowwateetti dureewwan dhaabbatichaa isa dowwachisaa turan hundi maaskii keewwatanii turan. Tiraamp garuu uffachuu dide. Gaazexessitoota bira wayita darbuutti garuu, kaameeraan alatti uffachu dubbate. ''Gaazexeessitoonni maaskii uffadhee na arguun akka gamadan hinbarbaadu'' jedhee ture. Deebiisees, ''Maaskiidhaan caalaan bareeda fakkaata,'' jedhee ture. Haa ta'u malee, Giiftii Duree Melaaniiya Tiraampi gorsawwan CDC akka hojjiirra olchaniif ummataafi ergaa karaa viidiyyootiin dabarsite jirti. Ammattis lakkoofsi namoota sababii Covid-19n Ameerikaa keessatti lubbuusaanii dhabanii 100,000 darbeera. Vilaadimiir Puutiin Pirezidantiin Raashiyaa ummata biratti nama hojii ta'ee mu'lachuuf baay'ee cimee hojjeta. Bitootessa 24'tti haala qophii ittisa koronaavaayirasii itti jiru dowwachuuf hospitaala Moskoo dhaqee ture. Pirezidaantiin Raashiyaa wayita hospitaala dowwataniitti meeshaa ittisaa kan uffattan yoo ta'u, garuu wayita hakiimoota waliin haasa'aniitti meeeshaa ittisaa malee turan. Kunis gocha balaafamaadha, keessattuu Daarektara duree hakimii waliin harka wal fudhaa turan. Dureen hakimii Deenis Pirotsenkoo guyyaa tokkoon booda koronaadhaan qabamunsaanii mirkanaa'e. Kanaan, walqabatees waa'ee fayyaa Puutiin ilaalchiisee oduun baay'ee haasa'amaa ture. Yeroo sanaan booda Puutiin ummata keessatti hirmaachu irraa of qusachuun walgahiiwwanis mana jireenyaa isaanii hirmaachu eegalan. Baatii Caamsaa keessa yeroo lama qofaa ummatatti mul'atan. Puutiin yoom akka gara hojii duraanitti akka deebi'an garuu wanti ifatti barame hinjiru. Hanga Waxabajjii 2ttis Raashiyaa keessatti namoonni 423,186 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, namoonni 5,000 du'aniiru. Beniyaamiin Netaaniyaahu Ministirri Mummee Israa'el Beniyaamiin Netaanyaahu fi Pirezidaanti Re'uveen Riivliin yeroo guyyaa jala bultii Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun qophii irbaata irratti ijoolleesaanii waliin hirmaatan balaa itti bu'ee ture. Kunis ummanni biyyatti kaan akka sirna akkasii irratti hin hirmaannee erga himaniin guyyaa tokkoon booda ture. Netaaniyaahuun ilma isaanii waliin irbaata ayyaanaa irratti hirmaachuun qeeqamee ture Osoo ayyaanni sirna kabaja jala bultii faasikaa hin eegaliin duras, ummannii haala tatamsa'ina vaayirasichaa hir'isuun akka kabajan gaafachuun ugguras labsanii ture. Garuu guyyoota muraasan booda ammoo mucaa isaa waliin osoo irbaata ayyaana jala bultii faasikaa (Passover) kabaju suuraa ka'uun mul'ateera. Namoonni Ministira Mummee kanatti dhiheenya qabanis ilmisaa yeroo baay'ee lafa jireenyaa isaatti waliin akka dabarsuufi appartimantii dhiheenyatti argamu keessa akka jiraatu eeruun gocha isaa kana deeggaruuf yaalaa turan. Haaluma walfakaatuun pirezidantiin biyyattis ijoollee dubaraa xixiqoo waliin irbaata irratti argamuun baay'ee qeeqmanii ture. Isaaniis erga dubbichi ifa baheen booda dhiifama gaafataniiru. Siyaasawwan amantaa Ministirri Mummee Hindii Bitooteessa 24 irratti ture uggura addunyaa isa olaanaa kan ummata biliyoona 1.35 hirmaachisu kan labsanii turan. Bakkeewwan amantaa osoo hinhafiin cufamanii ture. Hojjattooni bakka jireenyaasaanii hojii barbaacha deemanii turan miliyoonnis kilometiroota hedduu miilaan deemuuf kan dirqaman yoo ta'u hedduunis daandiirratti du'aaf saaxilamaniiru. Garuu qondaalli siyaasaa biyyatti olaanoon Yoogi Aditiyaanaaz garuu, guyyaa jalqabaatii kaasanii seera ugguraa cabsaniiru. Qondaalli kunis suuraa osoo sirna amantaa ijaara mana sagadaa tokko keessatti hirmaataa jiran mul'isu maxxansan. Baatii tokkon booda wayita abbaan isaa du'anitti, Yoogii garuu haatiisaafi firoonni isaa seera ''ugguraa kabajuun akka sirna awwalchaa raawwataniifi'' gorsa dabarsan. Ofiin garuu sirna awwaalchaa irratti hinhirmaannee ture. Onnee motummaa keessatti du'a Naayijeeriyaatti ammoo tatamsa'inni vaayirasichaa qondaaltoota olaanoo motummaa biras gaheera. Miseensi duree qondaaltoota motummaa Abbaa Kyaarii fi Bulchaan naannoo Baa'uchii vaayirasichaan qabamusaanii kan ibsame Bitooteessa 24 ture. Namoonni sirna awwaalcha Kiyaar irratti argaman homaa fageenya isaanii eeggataa hinturre Kiyaar nama dhuma waggaa 60 irratti argaman kan turan yoo ta'u, dhiheenya Jarmanii irraa gara biyyaa akka deebii'an himama. Innis walgahii pirezidantii Muhaammad Buhaarii qoopheessan irratti itti aanaa pirezidaantiifi bulchiitoota 16 kan biraa waliin hirmaatanii turan. Sababii kaaanis pirezidantichiifi itti aanaan isaanii qoratamanii bilisa ta'u maddeen BBC'tti himaniiru. Ebala 17 irratti duuni Kiyaar, qondaala motummaa olaanoo kan jalqabaa ta'e. Walumaagalattis biyyattin namoota 300 vaayirasichaan dhabde jirti. Ministira ifatti adabame Ministirri Komunikeeshinii Afriikaa Kibbaa Istellaa Ndabeni-Abraahamis seera nama keessa turu cabsuu isheetti pirezidaantii biyyatti Siiril Raamaaposaan torban lamaaf akka diriqiin boqonnaa baatuufi ifatti dhiifama akka gaafatu taasifame ture. Istellaa Ndaabeni-Abraahaamis seera cabsu isheetiif dhiifama gaafatte Suuraan midiyaa hawaasaa irratti qoodame tokko akka mul'isetti, ministirittin namoota biraa shan waliin mana ministira duraaniitti laaqana nyaatan. Kanaan walqabatees dhiifama gaafatte. ''Taatee kanatti gaabbeerra. Gocha kiyyaafis dhiifama'' jettee jirti. Pirezidaantiin biyyattis ''Eenyumtuu seeraan ol hinjiru'' jechuun seera hojiirra olchuuf kutannoo qaban himan. Adabbii seeraa waan cabsanif Itti aanaan Ministirri Fayyaa Maalezhiyaa seera ittisa sochii biyyatti waan darbaniif adabamaniiru. Qondaalli mootummaa kunis erga mana barnootaa Islaamaatti nyaata osoo sooratanii suuraan isaanii mul'ateen booda adabbii $325 akka kanfalan taasifameera. Midiyaalee hawaasaarratti gocha kanaan qeeqamaa turan. Maalezhiyaan tatamsa'ina vayirasichaa ittisuuf seera ittisa cimaafi addabbii keesseetti. Kumaatamnis himatamaniiru. Gorsawwan wal dhahaan Ministirri Mummee Biriteen Booriis Joonsan Covid-19'n qabamuun guyyoota muraasaaf kutaa dhukkubsattoonni ciminaan dhukkubsatan keessatti dabarsaniiru. Joonsan osoo hospitaala hin seeniin dura ture uggura sochii irratti seera kaa'anii kan ture. Sababii kanaanis sochiiwwan hedduun akka dabarfaman taasifamaniiru. Pirofeessar Niil Farguusan UK keessatti uggurri akka kaa'amuuf kan gorsaa turan tokko isaan. Haa ta'u malee, booda keessaa seera fageenya eegachuu akka cabsan gaazeexoonni gabaasaniiru. Kunis, dubartiin jaalallee isaa taate tokko mana isaa dhaqxee jirti jedhamuun ibsame. Isaan boodas Pirofeesar seericha 'tuffachuu isaatti' gaabbuu ibseera. Seera UK'n koronaavaayirasii ittisuuf keessee kan cabsee Pirofesar Fergusan qofaa hinturre. Ebla keessa qondaalli duree wal'aansa Iskotilaandi erga tibba ugguraa keessa yeroo lama mana ishee lammaffatti yeroo lama deddeebiiteen booda hojii gadhiiftee jirti. Dr kaatiriin Kaaldeerwuud jalqaba gocha isheetiif dhiifama gaafattee turte. Booda garuu dhiibbaa gama gaazexessitootaafi ummataatiin irratti baay'ateen hojii gadhiifte jirti. Akkasumas qondaalli olaanoon mootummaa Biritiish seera cabsuun argaman jiru. Gorsaafi namni amanamaa Ministira Mummee UK, Dominika Kumingsi mana isaanii kan magaalaa Landan irraa maayilsii 260 konkolaachisuun Kaaba Inglaandii imaluun kan dhagahame ugguruma keessa ture. Kunis Ministira Mummee Joonsaniin baayyee aarse. Akkasuma qeequmsaaf saaxile. Kummingsi garuu ani seera homaa hincabsiine jechuun mormuu yaalanii ture. Poolisiinis badii guddaa akka hin taane ibsee ture. Haa ta'u malee, qondaalli kuni deeggarsa cimaa Ministira Muummee qabu fakkaatu, aangoo isaanitti itti fufuu danda'u ta'a. Biriteen garuu addunyaarratti biyyoota garmalee Covid -19n miidhaman keessaa sadarkaa lammaffaarra kan jirtu yoo ta'u lammileenshee kuma 40 ta'anis vaayirasichaan dhabde jirti.
oduu-55473027
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55473027
Qonnaan bultoonni daangaa Itiyoo-Sudaanitti sodaa keessatti argaman maal jedhu?
Loltoonni Sudaan godina lixa Gondar keessattu aanaalee Matammaafi Lixa Armaacihoo seenuun maasaa qonnaan bultootaa irraan miidhaa qaqabsiisuu fi namoonni buqqa'u aanga'oonni naannichaa BBCtti himaniiru.
Bulchaan Godina Gondar Lixaa Obbo Dassalanyi Xaasow BBC'tti akka himanitti, qabeenyaan qonnaan bultoonni 200 ta'an barbadaa'ee yoo ta'u, kanneen 1,700 ta'an buqqa'aniiru. Ministirri Beeksisa Sudaan Faayisal Saaliih ammoo loltoonni biyyasaanii lafa naannawa daangaa biyyoota lamaaniitti qonnaan bultoota Itoophiyaatiin qabamee ture jedhan keessaa irra jireessa to'achusaanii Sanbata darbe dubbachusaanii Rooyitarsi gabaaseera. Qonnaan bultoota sababii waldhabdee daangaa kanaatiin miidhaa qabeenyaa isaanii irra gahee keessaa muraasni waan mudate BBCtti himaniiru. Obbo Kassata Wubat Aanaa Matamaatti lafa heektaara 400 fudhachuun misoomsaa akka turan himu. Naannichattis waggoota 1f hojii qonnaa gaggeessaa turu dubbatu. ALI bara 2010 irraa kaasee garuu ''loltoonni Sudaan darbee darbee gara naannoo qonnaa kiyyaa dhufuun miidhaa qaqqabsiisaa turan'' kan jedhan Obbo Kassatan, sababii kanaatis yeroo muraasaafi hojii qonnaa keessa bahanii akka turan dubbatu. Haata'u malee, bulchiinsi naannichaa akka hojiisaanii dhaaban hubatees akka gara hojiisaaniitti deebi'aniif akeekkachiisuu hordofuun ''eddoo kiyyatti deebii'uuf qotuu eegaleen ture'' jedhu. Ta'us yeroo garaagaraatti loltoonni Sudaan hojjattoota naannichatti bobba'an ari'achuun waan rakkisaniif waraanni raayyaa ittisa Itoophiyaa naannicha akka qubatu taasifamuun hojicha hojjachu akka danda'an ibsu. Haata'u malee, raayyaan ittisaa Sadaasa 8 ganama naannichaa baanaan galgala loltoonni Sudaan dhufuun taatee isaan 'eerara' jedhan kun raawwachu dubbatu. ''Konkolaataa sagaliin fe'amanii dhufan'' kan jedhan Obbo Kassatan, ''konkolaataawwan matarayeesii fe'an boodaan jiraattoota naannichaa (lammilee Sudaan) hordofsiisuun lafa qonnaa keenya irratti weerara raawwataniiru'' jedhu. Obbo Kassatan maasaa isaanii irratti jirbii, suufiifi saliixii facaasanii akka turaniifi hunduu haamaaf gahee akka turee himuun, qaamoolee halleellaaf boba'an ''kan danda'an walitti qabachuun fe'atanii fudhachuun kan hafe ammo barbadeessaniiru'' jedhan. ''Maasaa keessa osoo hojjataa jirruu dhukaasaa nutti dhufan. Achiin ofirra ittisu yaallu illeen waan humna dhabneefu waan hunda gannee baqannee baane'' jedhan. Kan baramee daangaan biyyoota lamaanii laga Guwaangi yoo ta'u, amma garuu isa ce'uun dhufuu ibsu. ''Yoo xinnaate lafa miilaa sa'aatii 3 ta'u deemuun daangaa Itoophiyaa keessa galuun weerara nurratti raawwatan,'' jedhan. Obbo Kassatan lafa muraasa isaanii irraa jidduugalaan salixii kuntaala 500 fi misingaa hanga kuntaala 200 omishaa akka turan himu. Hojii qonnaa kanas ''liiqeeffadheen hojjataa ture. Amma garuu balaan kun qaqqabusaatti irraa buufachuun hafee liiqaa kiyya kanfaluuf rakkadheera. ''Guyyaadhuma har'aatti mataasaa dhaabbanni Liqaafi Qusannaa Amaaraa beeksiisa liqaa kanfalu yoo baattee manni kee ni gurgurama jedhu mana kiyyarratti maxxansanii deeman,'' jechuun haala keessa jran ibsan. ''Ammas akkan qulqulleefadheetti salixii kuntaala 89, fi omisha jirbiifu suufii hedduu na jalaa fudhataniiru'' jedhu. Gabaa ammaatti gatiin salixii kuntaala tokko birrii kuma shan ta'a kan jedhan Obbo Kassataan, kan jalaa fudhatame gara birri kuma 450tti akka tilmaamamu ibsan. ''Hojjattoonni humnaa gara 250 gahan maasaarratti hojjattan mindaa kanfaluuf waanan dadhabeef amma nu himataa jiru'' jedhan. Qonaan bulaan biraa dubbifne Obbo Yibayin jedhamu. Aanaa Matammaa bakka Dalaloo jedhamuutti maasaa qonnaa isaaniirra miidhaan qaqqabu himu. Tibba gannaa humnootiin nagaa isaan waliin waan turaniif miidhaa homtu akka hinturree kan himan, ''haa ta'u malee waraanni naannicha gadhiisee gara Naannoo Tigraay deemuu hordofe loltoonni Sudaan dhufan'' jedhu. Loltootatti aansees jiraattoonni magaaloota Sudaan kan dhiheenya daangaa lama waan dhufuun saamichaafi badiinsa raawwachu ibsu. Loltoonni Sudaan gara naannichaa wayita seenaniitti haleellaa raawwachaa akka turan kan dubbatan Obbo Yibayin, dhukaasaa raawwatame kanaanis, ''hojjattoonni humnaa lama na jalaa ajjeefamaniiru. Kan biraa lama ammo miidhaa cimaan irra gaheera'' jedhan. Kana malees meeshaalee kaampii hedduu barbadeessaniiru kan jedhan Obbo Yibayin, omisha hedduu fe'anii yoo fudhatan kan hafe ammo barbadeessaniirus jedhan. Obbo Yibayin bara omishaa kana maasaa isaanii guutuu mishingaa facaasanii akka tureefi isa keessaayis irra jireessi akka fudhatameefi barbadaa'e himuun, kisaaraa olaanaaf saaxilamu BBCtti himan. Haata'u malee, naannichi baayyee bal'aa waan ta'eef loltoonni Sudaan bakkee hunda dhaabbataan hin turan kan jedhan Obbo Yibayin, dhiheenya gara maasaatti deebi'uun mishingaa kuntaala 400 ta'u walitti qabachu ibsan. Maasaa kanas waggoota 15 oliif akka qotaniifi waggaattis bu'aa gara birrii miliyoona 3 hanga 4 argataa akka turan ibsan. Miidhaa qaqabe Kanaan ammo bara kana kisaaraa olaanaan akka isaan mudate BBC'tti himan. Lafi qonnaaf toluufi daangaa biyyoota lamaan gidduu argamu yeroo dheeraaf madda waldhibdee ta'e itti fufeera Obbo Mulaat Nagaash bakka Midira Gannat kan daangaa Sudaan biratti argamtu keessa jiraatu. Hojii qonnaa wagga hedduuf akka hojjatan himu. Amma garuu waraanni Sudaan lafa qonnaa isaanii kan lixa Harmaacootti argamu irraa akka isaan buqqisee dubbatu. ''Namoonni naannichatti qonna irratti bobba'ee ture hojiin ala ta'eera. Mishingaas fe'aa jiru. ''Qonnaan bultoonni 200 Lixa Harmaacootii, Matammaadhaa ammo lakkoofsa sirriitti beekuu baadhulleen qonnaan bultoonni gara 50 ta'an buqqaa'aniiru. ''Naannoo invastimantii kanneen konkolaataafi meeshaan qonnaa jalaa fudhatames jiru'' jechuun BBCtti himan. ''Naannoo Ligidii maashina ittiin haamamu saddeeti galchanii ture. Humniisaanii waan cimeef seenuu hindandeenye. Kombaayinarichi humna olaanaa waan qabuuf mishingaa maasaarra jiru fudhachuuf bal'inaan walitti qabaa jiru'' jedhu. Akkasumas Lixa Harmaacoo bulchiinsa Magaalaa Midira Gannat jiraataa kan ta'an Obbo Faasiil Ashaagres ''Loltoonni Sudaan gara daangaatti seenaniiru. Isaan cimanii waan dhufaniif dhukaasaan ofiirra ittisu hindandeenye. ''Kombaayinara qabatanii dhufuun omisha walitti qabanii fe'aa jiru. Kan murree tuulle hunda fe'aa kan jiran yoo ta'u, naannoo keenya hunda to'ataniiru'' jechuun BBCtti himan. Omisha maasaarratti argamuun alattis qabeenyaa hojii qonnaaf oolaniifi meeshaalee qonnaa hunda fudhachu dubbatu. "Nuti teenyeerra. Harkaafii miilli keenya hidhamee maal haa goonu? Humna maal qabna? Omishichi osoo saamamee hindhumne motummaan nuuf haa qaqqabu jennuus deebiin hinjiru. Nuti dunuus jijjiramni finnu hinjiru'' jechuun dubbatu. ''Motummaan humna xiqqoo xiqqoo dhiyeessa. Kunis ittisuu qofa hojjata. Biyyi balaarratti argamti. Anaaf osoo hintaane biyyi akka biyyatti balaarratti argamti. Qonnaan bulaan 200 ol saamameera'' jedhan. Ministirri Beeksiisaa Sudaan Faayisal Saaliih lafa harka qonnaan bulaa Itoophiyaa ture keessaa ''kan harka 60-70 deebiisnee qabanneera'' jechu guyyoota muraasa dura Royitarsi gabaaseera. Itti dabalunis, ''rakkoon kamiyyuu mariin ni hiikama jenneeti amanna'' kan jedhan yoo ta'u, dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii ammo waldhabdee naannoo daangaatti umamee karaa nagaatiin hiikuuf yaaliin eegalamee cimee itti fufa jechuun dubbatan. Waldhabdee daangaa biyyota lamaan jidduutti yeroo dheeraaf madda walitti bu'insaa ta'e kanaaf furmaata waaraa akka argamuuf komishiniin hundeefamuun, yeroo garaa garaatti Kaartumiifi Finfinneetti marii taasisan illeen osoo qabxii waliigaltee irra hingahiin turaniiru.
oduu-53886478
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53886478
Filmaata Naannoo Tigraay: Filannoon Naannoo Tigraay heera biyyattiirratti yaaddoo uumaa?
Filannoon sadarkaa Naannoo Tigraayiitti gaggeeffamuuf jiru guyyaan isaa murtaa’eera. Komishiniin filannoo naannichaa Fulbaana 9, 2020 akka gaggeeffamu beeksiiseera.
Galmeen filattootaas Jimaata darbee kaasee gaggeeffamaa jira. Haalli adeemsa kanaatis motummaa federaalaafi Tigraayi jidduutti wal dhabdee uumeera. Kanuumaan walqabatees Manni Maree Federeshinii filannichi sadarkaa naannootti akka hingaggeeffamne, nageenya biyyaatiif ni yaachisa jedhamee yoo yaadame ammoo mootummaan federaalaa jidduu galuun dhaabsisuu ni danda’a jechuun xalayaa akeekkachiisaa barreessuun isaa ni yaadatama. Heerri mootummaa keewwata 62.9 aangoofi hojiin mana maree labsa. Isarrattis, ‘‘Yeroo naannoon tokko heera mootummaa cabsuun sirna heera motummaa balaarra kuffisutti mootummaan federaalaa akka jidduu galuuf ni ajaja’’ jedha. Ofii sirni heera motummaa balaarra kufe jechuun maal jechuudha? Keewwanni heera mootummaa kunis hojiirra kan oolfamu akkamiini? Naannoon Tigraayi filannoo gaggeessuun dhuguma sirna balaarratti kufiisaa? Gaaffilee kanneeniif kan biraatiif ogeessota damee kanaa dubbisneera. Obbo Barihuu Tawaldabirhaan Ittaanaa Pirezidaantii fi Abbaa seeraa Mana Murtii Olaanaa federaalaa duraanii, Dr Adam Kaasee Neezarlaandisitti gorsaa bulchiinsaafi dimokraasi fi Dr Sisaayi Mangistee Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa Federaaliizimiifi Mirgoota Namoommaa yaadasaanii nuuf qodaniiru. Sirni heera mootummaa balaarra kufeera jechuun maal jechuudha? Akkuma gubbaatti jedhame manni maree federeshinii, motummaan federaalaa akka dhimma naannoo tokko jidduu galuuf kan gaafatu yoo; sirni heera motummaa balaarra kuffeera jedhee amanedha. Kana kan jedhamu ammoo ‘yoo sirni al-idilee kan idileetiin ol ta’ee sirni heera motummaa balaarra jira’ kan jedhamu irratti waliigaluu akka danda’an dubbatan Obbo Bariihuun. Dr Sisaayi ammoo haalli qamni seera kabachiisaa idilee seeraafi sirna kabachiisuu fi to’achuu itti hindandeenyee yoo umamee, walabumaan biyyatti balaarra kufee sirni heera motummaa balaarratti kufeera jedhamee yaadamu danda’a jedhu. Haalli qabxiilee utubaawwan heera motummaa jedhaman kan dogoggorsu umamee, sirini heera motummaa balaarra kufeera jedhamuu danda’a kan jedhan Dr Adam gama isaanitiin, ‘‘heera motummaa cabsuun hundi akka sirni heera mootummaa balaarra kufetti ilaalma jechuu akka hin taane,’’ dubbatu. Sirini heera mootummaa cabsameefi sirni heera mootummaa balaarra kufeerakan jedhu jidduu garaagarummaan jiraachu dubbatu Obbo Barihuun. Heera motummaa cabsuu jechuun adeemsaafi gochaawwan farra heera mootummaa kamiyyuu yoo ta’u, heerri mootummaa balaarra kufeera jechuun garuu yoo dhaabbileen heera mootummaa ofiisaanii kufaatiin mudatedha jedhu. Akka fakkeenyaattis qaamni seera baasu, seera hojiirra oolchuufi qaamni seeraa sababii ta’een ergamasaaniin ala yoo ta’an, sirni heera motummaa balaarra kufeera jechuun yaaduu nama dandeessisa jechuun hubachiisu Obbo Bariihuun. Filannoon Naannoo Tigraayi gaggeessu gama kanaan attamiin ilaalama? Obbo Bariihuun, naannichi filannoo gaggeessuun gonkumaa haalli sirna balaarra buusuu hinjiru jedhu. Hunda duras ‘‘Filannoo gaggeessuu dabalatee mirgoota dimokraasiif namoomaa kamiyyuu labsiidhaa, waliigaltee, waadaa ykn murteedhaan kan dhorku ykn kan hayyamaman miti. Filannoon mirga ummattootaa fi dirqama mootummootaati’’ yaada jedhu qabachuun ni barbaachisa jedhu. Sirna dimokraatawaa keessatti aangoon mootummaa kan maddu filannoo irraa waan ta’eef, filannoon gaggeessa jechuun heera motummaa kabajuudha. Kanaafuu filannoo gaggeessuun balaa heera motummaa osoo hintaane, sirni heera motummaa akka kabajamuufi akka hundee gadi fageeffatu kan gargaaruudha jedhu Obbo Bariihuun. ‘‘Akka amantaa kiyyaatti filannoo gaggeessuun sirna heera motummaa kabajuufi kabachiisuu ta’uun alatti kan sirna mootummaa balaarratti kufiisu miti,’’ jedhan. Kanaafuu manni maree naannoollee filannoo gaggeessuun sirna heera motummaa balaarratti kufiisa jechuun dogongora jedhu. Fakkeenyaafis Heerri motumma keewwanti 1 irratti mootummaa Itoophiyaa, mootummaa federaalaa fi dimokraatawaa akka qabaatu labseera jedhu. Keewwata 8.3 irratti ammoo walabummaan ummataa kan ibsamu bakka bu’oota ummattoonni filatan irratti hirmaannaa dimokraatawaa karaa kallattiin taasisaniin akka ta’e kaa’ameera dubbatu. ‘‘Keewwata heera mootummaa 13 irrattis qaamoolee seera baasan, raawwachiisaniifi manneen murtii sadarkaa federaalaafi naannooleetti argaman labsiiwwan kabajuufi kabachisuuf itti gaafatamummaa akka qaban dubbata. Naannoon Tigraayiis raawwataa kan jiru kanuma. Kanaafuu naannoon Tigraayi filannoo gaggeessuun isaa itti gaafatamummaa isaa bahaa jira malee jaalatee miti’’ jedhu Obbo Bariihuun. Ogeeyyiin kaan hoo maal jedhu? Dr Sisaayi yaada Obbo Bariihuu kanaan walii hin galan. Filannoon naannoon Tigraayi gaggeessu sirna heera mootummaa balaarratti kuffisa jedhu. Aangoon naannoolee kan maddu heera mootummaa keessaayyu kan jedhan Dr Sisaayi, keewwanni 50.8 aangoon mootummaa federaalaafi naannoolee heera motummaan murtaa'uusaafi qaamooleen lamaanu aangoo waliin ni kabaju jedhu kaasu. Akkasumas keewwata 102 dabalatee seeroota filannoon wal-qabatan baasuu fi miseensota boordii filannoofi bulchiinsaa muuduu ilaalchisee aangoon kan kenname motummaa federaalaatiif jedhu. Keewwata 52 irrattis aangoon naannoolee akka filannoo gaggeessaniif kenname akka hin jirre hubanna jedhuu Dr Sisaayi. ‘‘Kanaafuu sochiin aangoo mootummaa federaalaa dhiibuu kamuu sirna heera mootummaa balaarra kuffisa’’ kan jedhan Dr Sisaay, ‘‘walitti dhufeenya naannoolee jidduu jirus balaa keessa galcha. Kana irra darbuunis tokkummaa ummattootaa laaffisuun tokkummaa naannichaa gaaffii keessa galcha. Kanaafuu tarkaanfiin filannoo naannoo Tigraayii ilaalchisee fudhatamaa jiru sirna heera motummaa kan balaarra kuffisuudha,’’ jedhani. Dr Adamis yaada Dr Sisaayiin kan walii galan yoo ta’u, sirni dimokraasii biyyattii filannoon kan murtaa’eedha jedhu. Kanaafuu mootummaa federaalaa utubaa heera mootummaa kan ta’e dhimma filannoo gara bukkeetti kan dhiisu yoo ta’e, sirna federaalaa balaarra kuffisa jedhu. Dhimmi guddaan filannoo gaggeessuufi dhiisuu osoo hin taane, ‘‘mootummaan federaalaafi naannoolee aangoo waliisaanii kabajaniiruu kan jedhuudha’’ jedhu Dr Adam. ‘‘Naannoon Tigraayi itti gaafatamummaa keenya ba’anna jedhaniitu filannoo geggeessina kan jechaa jiran. Kan ilaalamuu qabu, mootummoota naannoofi federaalaa gidduutti qoodiinsa aangoo nicabsaa kan jedhu dha. Aangoon kan federaalaati osoo jedhamuu naannichi itti fayyadamuu isaati balaa kan qabu’’ jedhu. Heerri mootummaa balaarra bu’eera jedhee kan murteesse eenyudha? Heerri mootummaa balaarra bu’eera jedhee kan murteessu mana maree federeeshinii ta’uu Dr Siisaayi nidubbatu. Haala wal-fakkaatuun Dr Adamis bu’uura heera mootummaatiin heerri mootummaa balaarra bu’uusaa kan murteessus, mootummaan federaalaa gidduu akka seenu kan gaafatu, mana maree federeeshiniiti jedhu. Manni maree federeeshinii sabootaafi sab-lammoota hammateera jedhamee waan amanamuuf itti gaafatamummaan kun akka itti kenname dubbatu Dr Adama. Manni maree federeeshinii naannoon tokko heera mootummaa cabseera jedhee murteessee, ofumaaf mootummaan federaalaa akka gidduu seenu gaafachuun haqaa? Jedhamee gaaffii dhiyaateef: "Heerri mootummaa amma jiru akka biyyaatti nuuf ta’amoo hin ta’u kan jedhu falmii biraa kaasa. Heera amma jiru nifudhanna erga jedhamee booda garuu, isa kana qofa keessaa baasanii hin fudhannu jechuun hin danda’amu’’ jedhu. "Dhugaadha, kan hiikus ta’e kan ajaju qaama tokkodha. Iyyachuun hin danda’amu. Kuni rakkoo bu’uurarraa ka’udha. Kana jijjiiruun nurra jiraata. Hanga hin jijjiiramneefi sirnichatti hanga amannetti garuu, kabajuun ala filannoo biraa hin qabnu’’ jedhani. Gidduu seena jechuun maal jechuudha? Aangoofi gochaalee mana maree federeeshinii kan ibsu keewwata heera mootummichaa 62.9 irratti, naannoon tokko heera mootummaa cabsinaan manni marichaa mootummaan federaalaa gidduu akka seenu ajaja jedha. Ofii maal jechuudha? "Mootummaan federaalaa dhimma naannoo irratti gidduu kan seenu rakkoo jiru irratti hundaa’ee gargar ta’a’’ kan jedhan Dr Siisaay, ‘‘yeroo mootummaan federaalaa gidduu akka seenu barbaadamu, maree taasisuurraa hanga tarkaanfii humnaa fudhachuutti ga’uu mala’’ jechuun ibsu. Akka fakkeenyaattis pireezidantiin duraanii naannoo Somaalee Abdii Mohaammad wayita sarba mirga namaatiin shakkamanitti haala mootummaan federaalaa Jigjigaatti isaan to’ate kaasu. Manni maree federeeshinii dhimmoota adda addaa irratti mootummaan federaalaa gidduu akka seenu kan ajajuu danda’u yoo ta’u, mootummaan federaalaas ajaja kana hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaa akka qabu yaadachiisu Dr Adam. "Haata’u malee manni marichaa aangoo qaba jechuun aangoosaatti yeroo hunda fayyadamuu qaba jechuu miti’’ jedhu Dr Adam. Akka isaaniitti, osoo dimookraasiin Itoophiyaatti guddateera ta’ee mootummoota naannoofi federaalaa gidduu walitti buiinsi akkasii silaa ni baay’ata ture. Garuu walitti bu’iinsichi gara humnaatti hin ce’u tures jedhani. Pireezidantiin itti aanaa mana murtii federaalaa duraanii Obbo Bariihuu Tawaldabirhaan garuu, jalqabumayyuu manni maree federeeshinii mootummaan federaalaa dhimma filannoo irratti gidduu akka seenu nan ajaja jechuun sirrii hin turre, aangoos hin qabu jedhu. Xalayaa manni marichaa mana maree Tigraayiif erge keessatti qabxiileen seera qabeessa hin goone jiru jedhu Obbo Bariihuun. Inni jalqabaa, keewwata 66 bu’uureffachuun, af-yaa’iin aangoo sadii qofa qabu jedhu. Isaanis, wal-ga’iiwwan geggeessu, hojiilee bulchiinsaa hogganuu fi tarkaanfii disippiliinii miseensota mana maree irratti darbe hojiirra oolchuudha ta’uu himani. Bu’uura kanaan af-yaa’iin xalayaa kana barreessuuf aangoo hin qabani jechuudha jedhu. Labsiin 359/1995 mootummaan federaalaa haala dhimma naannoo irratti gidduu itti seenu dabalataan kaa’uu dubbatu Obbo Bariihuun. Heerri mootummaas dhimmoota lamarratti mootummaan federaalaa gidduu seenuu akka danda’u kaa’ameera jechuun keewwata lama kaasu. Keewwata 51.14 fi 55.16. Keewwata 51.14 irratti, yeroo boora’uun nageenyaa humnaa ol mudatu, mootummaan naannichaa mootummaan federaalaa gidduu akka seenu gaafatee raayyaan ittisaa akka bobba’u taasisa jedha. Keewwanni 55.16 ammoo, naannoo kamiyyuu keessatti mirgi namaa sarbamee naannichi to’achuu dadhabeera taanaan, mootummaan federaalaa ofumasaatiin kaka’ee mana maree federeeshiniifi bakka bu’uuto ummataaf wal-ga’ii waliigalaa gaafachuun bu’uura murtee achirraa darbuun naannichaaf akeekkachiisa kenna. Haala kun hin raawwannetti af-yaa’iin xalayaa barreessuun isaanii heera kan hn kabajneefi aangoo seeraan ala fayyadamuu akka ta’ettan amana jedhani. Kana dura wanti heera mootummaa balaarra buuse mudatee beekaa? Kana dura naannoon heera mootummaa balaarra buuse mudatee jiraachuu akka hin yaadanne dubbachuun, mormiin MM Abiyyiin aangootti baase heera mootummaa cabseera jedhamee labsiin yeroo muddamaa ba’uu yaadachiisani Dr Siisaay.
oduu-50959361
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50959361
Suuraalee filatamoo Afrikaa bara 2019: Irreecha hora Finfinnee hanga mormii Aljeeriyaa
Taateewwan gara garaa Afrikaa bara kanaa irratti suuraalee filatamoo bara 2019.
Onkololeessa magaalaa Finfinnee keessatti namni kun daabee keewwatee, Irreecha Hora Finfinnee kabajaa ture. Ayyaanni Irreecha magaalaa Finfinnee keessati kan deebi'ee kabajame waggooti 150 booda ture. Yeroo Ministirri Muummee Abiy badhaasa Noobeelii fudhatanii deebi'anitti namootni fardaa gulufaa simaanna magaalaa Finfinneetti ture irratti hirmaataniiru. Misirroon saba Nubiyaan taate Hagayyaa keessa cidha ishee Naayirobitti taasifamu dura fuula ishee 'make up' dibatti. Dhufaatiin isaani Sudaan irraa kan ta'e sabni Nuubiyaa waggooti 100 ol dura waraanaa Biritish akka tajaajilaniif gara Keenyaatti fidamani. Hawaasi kun ammatti miseensota gara 100,000 ta'an qaba. Fulbaana keessa miseensoti saba Zuuluu ayyaana shubbisa leemmanaa aadaa masaraa Enyokeni, Mootii Guudwiil Ziwenlitinitti kabajaniru. Ayyaana kanaanis aadaa eegumsa maatii bara durii fayyadamuun HIV/Aids fi ulfa ijoolle ol guddattu ittiisuufi. Kibba-lixa Naayjeeriyaatti, namootni kumaatamaan lakka'amaan, keessumaayyu miseensoti saba Yorubaa, aayyaana waggooti 600'f kabajamu kan itti ayyaana hormaataa Osun jedhamtu itti leellifamtu kabaju. Baruma 2019 keessa ture Itoophiyaan balaa xiyyaaraa hamaan kan miidhamte. Xiyyaarri Booying 737 Max 8 Bitootessa 10 kufee yeroo caccabetti lubbuu namoota 157 imalicharra turan hunda galaafatee maatii hedduu gaddaan madeesseera. Jalqaba bara 2019'tti obombolleettin lama -Idayiifi Keenet- kibba Afrikaa rukutuun yoo xiqqaate namoota 900 ajjeesee namoota kumaatamaan lakkaa'aman ammoo qee'ee isaaniirra buqqa'aniiru. Hunda caalaa Moozanbiik guddaa miidhamte. Adoolessa Itoophiyaan jijjirama qilleensaa ittisuuf duulaa biqiltuu dhaabuu guddaa adeemsifteetti. Akka mootummaan jedhutti ji'a sadii keessatti biqiltuun biiliyoona 3.5 ol dhaabamaniiru. Sadaasa keessa Zimbaabween du'a hogganaa duranii biyyitti Robart Mugaabeef gaddaarra turte. Sudaan keessatti Alaa Saalaah hiriira mormii Omaar al bashiir irratti gaggeefamaa ture irratti mallattoo warraaqsa taatee turte. Aljeeriyaa keessattis namooti kumaatamaan lakkaa'aman pireezdaantii Abdelaziz Bootifikaa mormuun Jimaata hunda hiriira ba'aa turani. Hiriira mormii kana jidduutti boqqonaa fudhachuun Waancaa kubbaa miillaa Afrikaa injifachuu isaaniis kabajaniiru. Keenyaa Naayroobii keessatti hordoftoonni amantaa Kiristaanaa fannifamuu Yesuus Kiristoos akkataa diraamaan agarsiisuun ayyaana du'aa ka'uu kabajataniiru. Kinshaasaa keessatti ammoo ayyaana amantaa Musliima Iid al-Fitir irratti daa'imaa yeroo salaataatti of gatee fiiguu ilaalla Shamarran Laagoos kun ayyaana dhalachuu Kiristoos kabajachuu turani.
oduu-48918055
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48918055
Baankii Islaamaa: Faayidaan Itoophiyaaf qabu maali?
Baankiin dhala hin qabne ykn dhala irraa bilisa ta'e 'Islamic Bank' jedhamuun waamama. Baankiin Itoophiyaaf haaraa ta'e kuni biyyoota adda addaatti maqaa gara garaa qaba.
Waggoota muraasa dura Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa baankiin addatti ykn qofaatti tajaajila dhala hin qabne kennu akka hundaa'uf eeyyamee ture. Yeroosuma garuu murtiin kuni gara tajaajila foddaa jechuunis baankiileen tajaajila dhala qabu kennan biratti tajaajila dhala hin qabne akka eegalan eeyyamameef. Baankiiwwan tajaajila dhala hin qabne dura aantummaan kanneen eegalan keessaa Baankiin Intarnaashinaala Oromiyaa isa hangafaati. Baankicha waggoota kudhan darbanif pirezidantii ta'un tajaajilaa kan jiran Obbo Aabbe Saanoon murtiin mootummaa yeroosii waan komii kaasu hin turre jedhu. ''Waan hin beekneef sodaa qabu. 'It is the fear of the unknown'. Waan hamma kana komiidhaaf gahu miti. Biyya kaanittis haalli itti eegale kanarraa fagoo miti.'' Garuu, tajaajilli baankii Islaamaa ykn baankii dhala hin qabne jedhamu kuni namoota hedduuf ifa ta'u dhiisuu mala waan ta'ef maalummaa isaa tokko tokkoon haa ilaallu. Baankii kaanirraa maaliin adda ta'e? Baankiin Islaamaa [Islamic Bank] tajaajila baankii kaan [Conventional Bank] irraa wanti adda taasisu inni guddaan dhala qabaachuu dhabuu isaati. Garuu, isa qofaa miti. Bu'uurri tajaajila kanaa qajeelfamoota amantaa Islaamaa ''Dhalli amantii Islaamaa keessatti haraama [dhorkaadha],'' jedhuurraa madde jedhu Ustaaz Kaamil Shamsuu. Jiruun baankii [Financial intermediation] tokko qarshii kuusuu, namoota qarshii barbaadanif liqeessuu akkasumas namoota gargar fagoo jiranif tajaajila tokko irraa fuudhee kaanif dabarsuudha. Baankiin dhala hin qabnes hojii kana hojjeta. Haa ta'u malee, qajeelfama amantii Islaamaa ykn Shari'aa irratti hundaa'eeti. Tajaajila baankii biraatiin namoonni baankii keessa qarshii kaa'ani qarshii deebisanii gaafatu. Kuni, baankichi kasaarse, bu'aa buufates nama ol kaa'ate sanaaf dhala kennuun isaa dirqama. Tajaajila baankii Islaamaan garuu garuu namni qarshii ol kaa'a malee kan tajaajila argatu kan biraani. Fknf qarshii ol kaa'aten meeshaa bitachuu, invastimantii keessa seenuu danda'a. 'Dhala hin qabu jechuun hin buufatu jechuu miti' 'Dhala hin qabne malee hin buufanne jechuu miti,' kan jedhan Obbo Aabben, fakkeenya asiin gadi nutti himan. Osoo konkolaataa birrii dhibbaan namni tokko bituu barbaade, namichi duubeedhaan waan deebisuuf baankichi birrii 130'n bite kennaaf. Qarshiin 30 bu'aadha jechaadha. Namichi harkatti erga takkaa waan hin kaffalleef duubeedhaan waan ta'ef baankichi qarshii 30 itti dabale. Baankichi qarshii namichaa kennuu baatus, baankichi bu'aa isaa qurxiidhaan gaafata. Kana jechuun akka isa dhalaa ji'a ji'aan kan dhalu osoo hin taane ''lafa dura bu'aa kiyya itti dabalee yeroo itti kanfalu irratti addaan qoodee akka kanfalu godha'' Jedhan. Akka biyyaatti immoo yeroo ammaa 'qarshiin biiliyoona 30 ta'u baankiilee dhala hin qabnen socho'aa jiraachuu,' Obbo Mukammil himu. Akka addunyaatti biyyoota Arabaan alatti Ingilizii, Afrikaa Kibbaa, akaksumas Keeniyaa keessa baankiileen tajaajila dhala hin qabneen muuxannoo qaban akka jiran yunivarsiitii Finfinnee irraa Obbo Mukammil dubbatu. Maaliif barbaachise? Waggoota 10 dura tajaajilli baankii dhala hin qabne akka kennamu fedhin turu isaa kan ibse Baankiin Biyyaalessa Itoophiyaa, yeroo ammaa baankiileen 10 gama foddaatiin tajaajila kana kennaa jiru. Barana garuu, qofaatti akka hundaa'u eeyyamameera. Waggoota 10 olif Faakaltii Bizinasiifi Ikoonoomiksii kan Yunivarsiitii Finfinnee argamutti barsiisaa kan jiran Obbo Mukammil Badiruu sababa baankiin kuni barbaachiseef akkana dubbatu. ''Tokkoffaa baankii banuun mirgadha. Suuqiiin baay'ee jira jedhame eeyyamni suuqi biraa dhowwamaa? Baankiin Awaash waan jiruf Daashin maaliif barbaachise akka jechuuti. ''Inni lammataa baankiileen tajaajila dhala hin qabne kennan tajaajila hunda kennaa hin jirani." Inni sadaffaa, dhala hin fedhu jedhee hawaasni qarshii baankii hin keenyes tahe baankiin dhala hin qabne akka hundaa'u fedhu jira.'' Biyyoota Arabaan alatti biyyi baankii dhala hin qabneen muuxannoo guddaa qabdu Ingiliziidha. Namoonni baankii hin dhaqne kunneen amantiidhaanis ta'e ilaalcha dhala hin barbaadu jedhan irraa madda. Kanneen, tajaajila baankii akka hin arganne taasisuun immoo qollifannaa hawaasaa fida jedhu. Kanaafuu, gosa baankii kana fiduun filmaata baankii biraa fiduu akka ta'eefi kanneen dhala hin nyaadhu jedhan qarshii isaanii diinagdee biyyattiif akka gumaatan taasisa. Namoonni sababa kanaan baankii hin dhaqne lakkoofsaan beekuun rakkisaa ta'us hedduu akka ta'u namoonni amantii, hayyuuleen baankii hundeessan himu. Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti baankiileen 10 tajaajila baankii dhala hin qabne kana karaa foddaa jechuunis tajaajila dhala qabu osoo kennanii biratti tajaajila kennaa jiru. Faayidaan biyyaaf fidu maali? Xiinxaltoonni diinagdees ta'e hordoftoonni amantichaa akka jedhanitti faayidaan guddaa baankiin kuni biyyaafis ta'e ummataaf fidu ummata sababa amantiitin baankii fayyadamuu dhabe gara baankiitti fiduu isaati. Koree fala barbaadduu hawaasa musliimaa keessatti qooda qabanin kan beekaman Ustaaz Kaamil Shamsuu sababa kanaan namoonni rakkataa turani jechuun ibsu. 'Rakkoon biyya kanaa hiyyummaadha,' kan jedhan Ustaaz Kaamil, 'sababa kanaan hordoftoonni amantichaa deeggarsa dhaabbilee faayinaansii irraa dhabuu,' himu. Kana jechuun immoo hawaasni musliimaa hamma gumaachuu qabu akka hin gumaanne dhorkuu isaa dubbatu. ''Indastirii banuuf namni tokko yoo dhibbantaa 20 qabaate mootummaan dhibbantaa 80 kennuufi mala. Kanammoo ummanni musliimaa hojjechuu hin danda'u jechaadha. Hojjechuu dhabuun isaa biyya miidhee jira. ''Hojiin isaa dhala irratti hundaa'e waan ta'ef abbaa baankii ta'u hin danda'u,'' jedhan. Sababa kanaan, lammiilen amanticha hordofanis tajaajilaa akka hin arganne ta'aniiru. Fakkeenya biraa kan nuuf kaasan Obbo Muukammiil ''namoonni hedduu ta'an carraa mana kondominiyeemii dabarseera. Sababa amantiidhaan kan ka'e,'' jedhan. Asirratti garuu, hordoftoonni amanticha harka meeqa ta'an tajaajila baankii kana waan dhabanif akka fayyadamuu dhaban lakkoofsaan ibsuun nama rakkisa. Tajaajilli eegaluun isaa immoo lammiilee tajaajilicha fedhanif gammachuudha, diinagdee biyyaafis utubaa dabalataati. Qarshii baankiin ala mana keessatti taa'e akka baankii seenu taasisa. Dabalataanis, ''namoota hojii uumuu danda'ani garuu baankii amanuu dadhaban akka beekumsa isaanitti fayyadaman gargaara,'' yaada jedhu qabu Obbo Abbeen. Obbo Mukammilis yaada kanaan walii galu. ''Baankiin dhala hin qabne adeemsa bu'aas ta'e kisaaraa qooddachuu waan hordofuuf dargaggoota yaada qabani qarshii dhabanif oduu dansaati,'' jedhu. Dabalataanis, yeroo rakkoon diinagdee addunyaa jeeqe baankiileen dhala hin qabne garuu akka rakkoo hin seenin himu. Kunis, hojiin isaanii akka tajaajila baankii kaanii adeemsa faayinaansii tilmaama irratti hundaa'e osoo hin taane qabeenyaafi oomishtummaa irratti waan ta'eefi yaada jedhu qabu. Kan biraa immoo baankiileen kunneen dhalallee kennuu dhaban namoota isaan bira kuufatan irratti dirqama kaa'u. Kunis, qarshii muraasa baankichi hiyyeessaaf qoodu akka gumaatan gochuudha jedhu Obbo Mukammil. Baankiilee dhala hin qabne biratti kanneen akka alkooliifi kaan hawaasa miidha jedhame yaadamanif liqii hin kennu. Herreega akka bananiifis hin eeyyamu jedhu hayyuun kuni. Gosoota tajaajila 'Islamic Bank': Muraabbahaa: Itoophiyaa keessatti tajaajilli dhala hin qabne baay'inaan kennamaa jiru kanadha. Baankiileen 10 tajaajila kana kennaa jiru. Fakkeenyaaf, namni tokko konkolaataa bitatuu barbaade haa jennu. Maamilli tokko karaa Muraabbahaa konkolaataa bituu nan barbaada yeroo jedhu baankiin fedhii isaa/ishee irratti hundaa'un konkolaataa bitaaf. Konkolaataa kana biteefi kanin buufachuu barbaadu kuma 40 jechuuni danda'a baankichi. Garuu, ni mari'atu. Waligalteen ta'a. Qarshii kana yoom naaf kennita yeroo jedhu waggaa lama booda jechuu danda'a. Baankichi bitee buufate gurguraaf. Kaffaltii kana kan fudhatu garuu gaafa itti kaffaluf walii galan sana. Konkolaaticha garuu baankichi maqaa isaatin bitata. Akkuma daldalaa bitatee gurguraaf jechuudha. Hamma naaf baasu jedhee baankichi bitee gurguraaf. Baankii kaan irraa kan adda ta'u maamilli konkolaataan bitamee waan isaaf kennamef gatiin kanfalu hammi isaa qurxii waan ta'eefi. Gudachuus xiqqaachuus hin danda'u. Mudaarabaa: Maamiltoonnia herreega Mudaarabaa qaban fa'itu jira. Namooni herreega kanaan qarshii ol kaa'atanis baankichi ana bakka bu'e nama yaada biznasii qabu simatee qorachuun bu'aa buusa kan jedhu irratti naaf haa daldalu jedha. Namoonni beekumsaafi yaada qaban garuu qarshii kan hin qabne gaafa dhufan, baankichi birrii qabatee itti deema. Biznasii waliin hojjetu; gaafa buufatanis ta'e kasaaran qooddatu jechuudha. Kuni keessumaa kanneen hojii kalaqanif baay'ee fayyada. Mushaarakaa: Kuni akkuma Mudaarabaa ta'us namni yaada biznasii fidu qarshii fiduunis hirmaata. Gabaabumatti, biznasii shariikaan hojjetamu jechuudha. Yeroo buufatus, yeroo kasaaranis walumaani. Diminishiing Mushaarakaa: Kunimmoo gahee shariikaa suuta suuta qoodi isaa xiqqaachaa deemudha. Fakkeenyaaf namni tokko mana bitachuu barbaade haa jennu. Gatiin manichaa miiliyoona tokko osoo ta'e maamilli kuma 400 qofa osoon qaba jedhe, baankiin immoo kuma 600 kanfalaaf. Lamaanuu qarshii waan itti baasaniif manni kan lamaaniiti jechaadha. Manni kireeffamaa jira yoo ta'e namichi kiraa manaa irraa argame baankiif kanfala. Boodarras baankichi akka waligaltee qabaniin buufatee namichaaf manicha itti dhiisa. Ijaaraah : Kuni liizii faayinaansii waliin walfakkaata. Baankiin maashina wayii bite maamilaaf kiraa kenna. Waligalteen maamila waliin qabu waggoota 10'f yoo ta'e waggaa 10'f kireessaaf jechaadha. Gaafa dulloome narraa bitta hin jedhun baankichi. Gaafa waggaa 11ffaa dirqama maashina narraa biti jedhame maamilli hin dirqisiifamu. Duratti baankiin daldalaa ta'e ture ammammoo hojii kiraa kennu hojjeta jechuudha. Tajaajila foddaa Waggoota shan dura baankiileen hedduu tajaajila foddaadhaan kennamu eegalaniiru. Akka fakkeenyaattis, Baankiin Itarnaashinaala Oromiyaa waggoota shan [Amajjii 2014] dura tajaajila kana kennuu eegaluu isaatiin qarshii hedduu mana keessa kuufame taa'u diinagdee keessa akka seenu goone jedhu Obbo Aabbeen. ''Tajaajiluma kanaan qofa qarshii biiliyoona 4 ol walitti kuusneerra. Naannoo biiliyoona 2 liqaadhaan kennineerra. Kun otoo tajaajila kana eegaluu baanne waan hin jirredha.'' Kaappitaalli kuni qabeenya baankii tokoyyuu ni caala. Kanneen booda kana dhaabatan keessaa,'' kan jedhan Obbo Aabben baankiin isaanii damee kanaan qofa miseensota kuma 300 ol horateera. ''Kanaanis, waggaa darbe qofa naannoo miiliyoona 194 buufateera.'' Ustaaz Kaamil garuu tajaajilli foddaadhaan kennamu hawaasa hedduu gara baankii hin fidne yaada jedhu qabu. ''Namni musliimaa dhaqee itti fayyadamaa jiru baay'ee xiqqaadha. Maaliif jennaan shakkii qaba. Hammam tokko kan dhala qabu waliin wal hin makanne kan jedhu shakkii qaba.'' Tajaajilli baankii kuni akka eegalu gaafataa turre kan jedhan namni amantii kuni mootummaan amma eeyyamuun isaa waan guddaa akka ta'e ibsuun akka ooguutti ilaalamu hin qabu jedhu. ''Gaaffii kana deebisuun ummata Musliimaaf oogamuu osoo hin taane, biyyaa yaaduudha,'' jedhan. ''Ummata Musliimaa osoo hin hirmaachisiin guddinni dhufuu hin danda'u. '' Musliima qofaafii? Bu'uurri baankii dhala hin qabne qajeelfama Shariyaati jechuun hordoftoota amantii Islaamaa qofatu fayyadama jechuu miti. ''Eenyumutu kasaaraa irraa kanatu na eega jedhee yoo yaade fayyadamuu danda'a. Maamilli keenya warra amantii tokko qofa qaban miti,'' jedhu Obbo Abbeen. Namni faayidaa isaa malee qajeelfama isaa ilaalee miti kan fayyadamu jechuunis ibsu. Hajii Mohaammad Saaniin Godina Qeellam Wallaggaa magaalaa Qaaqqee jiraatu. Yeroo ammaa tajajila baankii dhala hin qabne bankiiwwan lamaan keessatti fayyadamaa jiru. ''Erga baankiin dhala hin qabne dhufe achuma kaa'aa jirra,'' kan jedhan Hajin, ''Erga dhihoo asii ummanni baadiyyaayyuu qarshii baankii keewwata,' jedhan. ''Yeroo sana maallaquma baankii kaawwannu baay'eedhuma hin qabnu. Akkuma yaada abbaati. Kan dhala nyaatus jira kan dhala hin nyaannes jira. Kaa'achuf garuu hunduu inuma keewwata.'' Baankiin kuni musliima qofaafi yaadni jedhu rakkoo hubannooti jedhu Obbo Mukammil. Kanaafis, itti fayyadamuu qofa osoo hin taane baankicha hundeessuullee danda'u jechuun himu. Yaaddoo Guutummaa guututti baankiileen tajaajila dhala hin qabne qofaatti hundaa'uf socho'aa jiru. Kana jechuun, kanaan dura baankiilee tajaajila kaan kennan biratti foddaa biraan kan dhala hin qabne kennanif yaddoo ta'u mala. ''Hojii gaarii hojjennee maamiloota keenya hammachuu baanne hamma tokko dhiibbaa ni qabaata,'' jedhu pirezidantiin Baankii Intarnaashinaala Oromiyaa. Gama kaaniin immoo tajaajila baankii dhala hin qabne irratti muuxannoo kan qaban baankiilee kanaan dura hojjetaa turanidha. Kana jechuun, haaraa hundeessuun kanneen dura jiran hojiin ala taasisa miti yaada jedhu qabu Obbo Mukammil. Hanqinni jaarmiyaalee tajaajila kana irratti barumsa yookiin leenjii kennan dhibuun garuu yaaddoodha.
oduu-49137205
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49137205
Dubartiin dhiira dirqamaan ni gudeeddii, seerri maal jedha?
Yeroo dhiirri tokko dubartii tokko waliin fedhiishee malee saal-qunnamtii rawwate dirqisiisanii gudeeduu jedhama.
Yoo dubartiin tokko dhiirri tokko fedhiisaa malee ishee waliin saal-qunnamtii akka raawwatu dirqisiifte ammoo maal jedhama? Kun akka seera Inglaandiifi Weelsitti dirqisiisanii gudeeduu miti, garuu akka barreessaan qorannoo haaraa dhimma kanaarratti qoratte jettutti diqisiisanii gudeeduu ta'uu qaba. Seenaan kun dubbistoota tokko tokko garaa hammeessuu danda'a Qorattuun Mana Barumsaa Seeraa Yunvarsiitii Laakaaster Dr. Si'obhaan Wiir dirqisiisanii gudeeduu/dirqamaan fedhii malee saal-qunnamtii raawwachuu UK keessatti bara 2016-7 qorannoo gaggeessitedha. Qorannoo kanaaf, odeeffannoon karaa toora interneetaatiin dhiirota 200 irraa walitti qabameera. Qorannoo hayyuun kun dhiyeenya gaggeessite torban kana keessa maxxanfameera. Gaaffiifi deebii fuulaafi fulatti dhiirota 30 ta'an waliin Caamsaa 2018 fi Adoolessa 2019 gidduutti taasifameen haala fedhii malee dirqisiifamuun saal-qunnamtii raawwachuun keessatti raawwatamus sakkata'eera qoranichi. Kanuma waliinis miidhaawwan qaqqabaniifi deebiiwwan qaamoleen haqaa yakkawwan akkasiif deebii kennanis ilaaleera qorannoon kun. Dhiironni qorannoo kanarratti hirmaatan hunduu maqaa isaanii beeksisuu hin barbaanne garuu tokko Joon ofiin jedheera. Joon akka jedhutti, mallattoon jalqaba haadha warraa isaarratti arge wanti jiru akka sirrii hin taane argarsiiu yeroo isheen amala dhabuun of miidhuu jalqabdu akka ture dubbata. Mudannoowwan adda addaa sosodaachisoo ta'an irratti arguun booda gara wallaansaatti ishee akka geese hima. Abbaa warraafi haati warraa kun saatii fudhatanii rakkoo miidhama qoor-qalbii jiraachuu malu ilaalchisee saatii dheeraaf marii gaggeessaniiru. Tilmaamaan turtii ji'a ja'aan booda of miidhuu dhiistee, akka fedha Jooniif ta'utti of leenjisuu yaaluu jalqabde. Gaaf tokko garuu, "Osoon mana keessa taa'aa jiruu kushiinaa/alawaada keessaa dhuftee funyaan koo keessa akka malee na kabaltee kokkolfaa fiigde," jedha Joon. "Achumarraan miidhaan irra deddeebiidhaan uumamuu jalqabe." Hakiima Waliigalaa isheerraas gorsaafi wallaansa argachuudhaaf yaaltee, jedha Joon. Hanga tokkos gorsa argattee, beellama irratti argamuu baattus gara ogeessa xiinsamuu/qoorqalbiittis ergamte. Yeroo bakka hojiisheetii galtu, "yeroo baayyee saal-qunnamtii raawwannu malee jetti," jedha. "Hanga ani yeroo isheen hojiidhaa galtuutti ishee sodaadhutti miidhaa geessisaa turte." Yeroo tokko Joon wayita hirribaa ka'u harki mirgaasaa sibiila miila sireetti hidhamee of arge. Achumaan meeshaa sagalee guddiftuu siree cinaa jiru fudhattee mataa keessa isa dha'uu jalqabde. Akkuma harki isaa tokko kun kaaboon hidhamee jirutti akka inni saal-qunnamtii raawwatuuf dirqisiisuu yaalte. Sodaafi dhukkubbii keessa ta'ee, Joon fedhiishee kana guutuu hin dandeenye ture. Kanarraan kan ka'e, isa rukkutuudhaan osoo isa hin hiikiin walakkaa saatiidhaaf akkuma hidhametti tursiifte. Isaan booda ammoo maaltu akka ta'e waa'ee dubbachuu didde. Isaan booda osoo baayyee hin turiin ni ulfooftee miidhaa geessisuun ishees ni xiqqaate. Erga daa'imni dhalatee booda garu, Joon akkuma yeroo kaanii yeroo hirribaa ka'u harki isaa kaaboon sireetti hidhamee of arga. Isaan booda jedha namni kun, haati warraasaa kun dirqamaan qoricha Viagara jedhamu saal-qunnamtii irratti nama jabeessu nyaachistee, dirqamaan isa wagaate. "Waanta ta'u kana kanan gochuu danda'u tokkollee hin jiru," jedha namni kun. "Yeroo ammamiif akka ta'e kanan hin beekneef gara kutaa keessatti qaama dhiqatanii deemeen taa'e…isaan booda ammoo darbii gara olii jirurraan gadi bu'e. Yeroo ani gara manaatti seenu jalqaba kan isheen naan jettu, 'Hirbaataaf maal qabna?'" Joon waanta isa mudatu kana yeroo namatti himu, namniyyu akka isa hin amanne dubbata. "Maaliif mana dhiistee hin deemtu jedhanii na gaafatu. Egaa, manichi kan ani ijoollee kootiif bitedha. Akkasumas rakkoon maallaqaas ni jira. Maallaqaafis jecha gaa'ela kana keessatti hidhameen jira," jedha. "Ani yeroo hundaa nama na amanu hin qabu sababiin isaas, yoo kan gootu dhabdellee, deebistee ofirraa hin rukkuuttuu?' jedhu. Kana yeroo baayyee nan dhaga'a. Ta'us garuu dubbachuu isaa malee gochuun isaa akka nama dhibu nan beeka. "Osoon dhiisee yeroodhuma sana baqadhee nan hawwan ture garuu maal godhu malee." Katee Siilveriifi Aleeksi Iskiil ammo BBC Sounds podcast irratti waa'ee qorannoo dirqamaan gudeeduu Si'obhaan Wiir irratti haasa'an. Dhimoonni seenaa Joon muuxannoowwan dhiirota biroo Dr. Wiir gaaffiifi deebii taasifteefiin irra deebiyee dhiyaateera. Argannoo qorannooshee keessaa tokko namoonni yakka dirqisiisanii gudeeduu ("forced-to-penetrate" (FTP)) kana raawwatan yeroo hedduu dubartoota/haadha warraadha ykn jaalallee/haadha warraa duraaniidha. (Qorannoon ishee kan irratti xiyyeeffate dirqisiisanii gudeeduu dhiiraafi dubartoota dabalatudha). Muuxannoon miidhaa mana keessatti qaqqabu irratti beekamu yeroo baayyee gama tokkeedha. Namoonni gaaffiifi deebiirratti mudannoo isaanii dubbatanis, yeroo rakkoo isaanirra ga'e wayita dubbatan namni akka isaan hin amanne dubbatu. "Itti gammaduun sirra jira ykn ta'uu baate ammoo yeroodhuma sana gabaasuun sirra jira," jechuun kan qondaalli poolisii itti hime tooko dubbata namni tokko. Hirmaataan biraa akkas jedhe: "Waa'ee kanaa dubbachuudhaaf ni sodaanna, nama qaanessallee. Yeroo waa'ee kanaa dubbannus namni nu hin amanu sababiin isaas nuti dhiirotadha. Dhiirarra akkamiin miidhaan ga'uu danda'aa? Mee isa ilaalaa, inni dhiiradhaam." Argannoon Wiir biroon kanneen armaan gadii qabata: •Dhiironni yeroo baayyee muuxannoo miidhaa dirqisiisanii gudeeduu/saal-qunnamtii ni qaaneffatu-miidhaa mana keessatti isaanirra ga'u osoo akka miidhaa saal-qunnamtii/dirqisiisanii gudeeduu maqaa hin dha'iin gabaasu •Dhiibbaan fayyaa sammuu baayyee hamaa ta'uu ni danda'a, kunis dhibee sammuu mudannoo hamaa booda uumamu (post-traumatic stress disorder), yaadawwan diraa'uufi saal-qunnamtii irratti dadhabuu •Dhiironni tokko tokko irra deddeebiin akka miidhaaf saaxilaman gabaasu-tokko tokko ijoollummaatti miidhaa saal-qunnamtii keessa darbuu, kanneen biroos namoota rakkoo qaqqabsiisaniin miidhaan dirqamaan saal-qunnamtii raawwachuu keessa darbaniiru •Baayyeen isaanii ammoo poolisii, sirna haqa yakkaafi seera irratti akka malee ilaalcha gadhee qabu Ilaalcha duraan ture qorannoon Wiir dhara taasisee tokko, dhiironni qaamaan jajjabaatoo waan ta'aniif dubartoonni dirqisiisanii gudeeduu/saal-qunnamtiif dirqisiisuu hin danda'an kan jedhudha. Kan biraan ammoo, dhiironni carraawwan dubartoota waliin saal-qunnamtii taasisan hunda akka gaarii ta'etti/poozetiiva ta'etti fudhachuudha. Ilaalchi sadaffaan, dhiironni qaamni saalaa isaanii yoo ka'ee dhaabbate saal-qunnamtii raawwachuu qabu kan jedhudha. Wiir akka jettutti, "qaamni saalaa ka'ee dhaabbachuun deebii hooksuudha." "Dhiironni yoo sodaachifaman, haaran, xiichaman, kkf qaamni saalaa isaanii akka dhaabatu ykn dhaabatee turu gochuu ni danda'u," jetti. "Dubartoonnis yeroo gudeedamanitti miira saal-qunnamtiif deebii akka kennan qorannoon ni agarsiisa. (Fkn. orgasm) sababiin isaas qaamni isaanii walitti dhufeenya qaamaaf deebii kenna. Kun dhiiraafi dubaraaf lamaan isaaniif dhimma ilaallatu ga'umsaan irratti dubbatamnedha garuu waan kana irratti ragaan ifa ta'e jira." Qorannoo Wiir bara 2017 keessatti namoonni hirmaatan baayyeen dirqamaan gudeedamuu/saal-qunnamtii raawwachuu (FTP) kan isaan mudate erga dhugaatii baayyee dhuganii boodaafi yeroo waanta ta'u dhaabuu hin dandeenyedha. Warra qorannoo haaraa keessatti hirmaatan keessaa tokko waan isa mudate ibsa. Guyyaa tokko dubartoota tokko waliin erga mana dhugaatiifi sirbaa halkanii turee machaa'uun booda, qoricha salphaatti nama gudeeduu dandeesisudha jedheen shakku naaf kenname. Akka jedhutti namni kun isaan booda saal-qunnamtii fedhii isaa malee akka raawwatu dirqame. Namni biraan ammoo akkamitti dirqamee fedhii isaa malee saal-qunnamtii akka raawwatuuf dirqame yeroo ibsu; yeroo barataa turetti yeroo boqonnaa Gannaa hojiirra osii jiruudha. Dubartiin isa waliin hojjettu tokko xalayaa barataan kun hiriyyaa isaa dhiiraa tokkoof barreesse argitee, yooo ati ana waliin hin ciistu ta'e ati warra dhiiraafi dhiiraan waliin saal-qunnamtii raawwatanidha jedheen si qabsiise jechuun isa doorsisuu dubbata. Wiir akka jettutti hirmaattonni qorannoo dhiyeenya kanaa garri caalan fedhii isaanii malee saal-qunnamtii akka raawwatan taasifamuu keessa darban akka 'gudeedamuutti ilaalu; isaan keessaa gariin ammo akka seera Ingilaandiifi Weelsitti ammo akka dirqamaan gudeedamuutti hin ilaalamu jedhanii sodaatu. Hawaasni Biriitishis waan akkasii kana akka dirqamaan gudeedamuutti hin ilaalan jedhanii sodaatu. "Waa'ee jaallalleen ofii duraanii akka dhugdee machooftu si taasisuun dirqamaan si raawwachiisuun si gudeeduun dhiirummaa ilaaludha, mitiiree? Jedha hirmaataa keessa tokko. "Yeroo gara mana dhugaatii deeman, kan ati beekuu qabdu, isheen xiqqoo machaa'uu qabdi, xiqqoos taxabachuufi mimiriixofuu dandeessi. 'Akka! Oh kun hedduu gaariidha! Ani waan akkanaa nan jaalladha!' Lakki, kanammaa hin gootu, ati kan hin gootu. Wanti kun akka ati yaaddu miti." Waraqaawwan Wiir keessa tokko keessatti, kan mata-dureen isaa "Oh, ati dhiira, akkamitti dubartiidhaan dirqamaan gudeedamta, kun waan badaahda". Kana keessatti akka agarsiistetti kutaawwan biyyaa US baayyee keessatti dirqamaan gudeeduun hiika bal'aan kennameeraaf; kunis saal-qunnamtii fedhii malee jechuudha. Awustiraaliyaa kutaa biyyaa Viktooriyaa keessatti ammoo yakki addaa "sossobanii/dholodholanii gudeeduu/saal-qunnamtii raawwachuu dirqamaan gudeeduudha." Yaadawwan furmaataa saddet qorannoo dhiyeenya kanaan kennaman keessaa tokko seera dirqisiisanii gudeeduu akka dhimmoota fedhii malee dirqamaan saal-qunnamtii raawwachuu (Forced-to-penetration (FTP)) hammatu taasisuudhaaf "dhimmamee ilaalamuu" barbaacjisa.
oduu-45860203
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45860203
Abbaan Vinseent Kompanii Beeljiyeemittii kantiibaa gurraacha isa jalqabaa ta'an
Beeljiyeem seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf nama gurraacha Kantiibaa gochuuf yoo filattu namni hireen kun isa gahe ammoo abbaa taphataa kubbaa miilaa beekamaa biyyittii Vinseent Kompaanii kan ta'e Pi'eer Kompaaniidha.
Pi'eer Kompaaniin kantiibaa jalqabaa gurraacha Beeljiiyem ta'an Kompaniin magaala Braaselsi keessatti bulchiinsa Ganshoren jedhamu hoogganuuf filataman. Kompaaniin biyya dhaloota isaanii Dimookraatiik Ripaabliik Kongoo dhiisanii gara Beljiyeem kan imalan bara 1975 ture. Siyaasa Beeljiyeem keessatti hirmaannaa si'ataa gochuu kan egalan bara 2006tti yoo ta'u paarlaamaa naannoo keessatti bara 2014tti filatamaniiru. Taphataan Beljiyeemii fi kan Maanchistar Siitii Vinceent Kompaanii fi obbolleessi isaa abbaa isaaniin baga gammadde ittin jedhaniiru.
oduu-51485171
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51485171
'Mariin hidha haaromsaa Washingitanitti taa'ama ture waliigaltee malee xumurame
Mariin dhimma Hidha Haaromsaa irratti ministiroonni bishaaniifi ogeeyyiin Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan Washiingitanitti taasisaa turan ammas waliigaltee malee xumurameera.
Ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaa marii Kaartuum irratti Ameerikaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Fitsum Araggaa akka jedhanitti ministiroonnii fi ogeeyyiin biyyoota sadan Guraandhala 12 fi 13 sanada waliigaltee qopheessuuf mari'achaa turani. Haa ta'u malee marsaa kanaanis sanada waliigaltee qophaa'u irratti osoo walii hin galiin marichi xumurameera. Biyyoonni sadan qabxiilee akkamiirratti akka waliigaluu dhaban garuu ambaasaaddar Fitsum waan jedhan hin qaban. Koreen teknikaa fi ogeeyyii seeraa of keessaa qabu sanada biyyoota sadeen waliigaluu dandeesisu qopheessaa turuu dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa har'a kennaniin dubbataniiru. Itoophiyaan haala kamiinuu faayidaa biyyaalessaashee dabarsitee akka hin kennine fi mallattoo faayidaa biyyaalessaashee hin eegsisne akka hin mallatteesine yaadachiisuun, hanga dhumaattis adeemsa faayidaa biyyaalessaa keenya eegsisu hordofna jedhan. "Sanadichi bifa mallattoof tahuun hin qophoofne. Hanga faayidaan biyyaalessaa Itoophiyaa waligalticha keessa hin galletti hin mallatteessitu" jedhan. Ogeessi marii kanarratti hirmaachaa jiraniifi dhimmicha keessa beekan maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan mariin hidha haaromsa Itoophiyaa irratti taasifamaa ture kallatti gadhiisee gara gahee bishaanii qoqqooddachutti ce'uusaa BBC'tti himanii turan. Sudaan ejjannooshi jijjiruun Masrii cinaa goruu akkasumas, Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa Masriidhaaf looguun amma dhimmichi '4 fi 1' ta'eera jechuudhaan Itoophiyaarratti dhiibbaan uumame jiraachuu himu namni maqaan isaanii akka hin dhaahamne fedhan kun. Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa dhimma hidhichaa keessa harka akka seensifatan eeyyamuun Itoophiyaa gatii kafalchiisaa jiraa jedhu namni keessa beekaan kun. Ameerikaatti Ambaasaddarri Itoophiyaa obbo Fitsum Araggaa guyyota lama dura gartuun mari'atu 'dhimmoota hedduurratti mariyatus, sanada waliigaltee qopheessuu dadhabuun mul'ateera' jedhaniiru. Akka nama dhimmicha keessa beeku BBC'f yaada kenneetti, waliigaluun kan dadhabameef, sanadni waliigaltee harki caalu Ameerikaan dhiyaatee, xiyyeeffannoon isaas akkaata hidhi kun guutamuufi bishaan gadhiifamu otoo hin taane, 'eenyu bishaan hammam qooddachuu qabaa' kan jedhurratti waam fuulleffateefi. Ogeessi maqaan isaanii akka hin eeramne marii kanarratti hirmaataa jiran kun, jiilli seera baastota Itoophiyaa ammas Ameerikaa akka jiran yaadachiisuun, qooddannaa bishaaniirratti mari'achuuf akka biyyaatti qophii akka hin taanefi, kaayyoon waliigaltee kanaas dhimma kana akka hin taane himaniiru. Akka ogeessi kun jedhaniitti, kanatti dabalataan hidhichatti bishaan guutuu fi gadhiisuu ilaalchisee hiikaa jechoota sanadicharratti barreeffaman kan akka gogiinsa, gogiinsa yeroo dheeraafi gogiinsa itti fufiinsa qabuu jedhanirrattis waliigaluun hin danda'amnee jedhan. Sababii kanaaf seera baastonni Itoophiyaa dhimma kanaa fi kan biroof qabxiilee sanadicharratti tarreeffaman hedduu ija shakkiin ilaaluuf dirqamaniiru jedhu. Qabxiin wal-dhabdee inni ijoon sanadni kun qooda/gahee bishaaniirratti xiyyeeffachuu hin qabu kan jedhu ta'uu dubbatu. "Ogeeyyin seeraa Ameerikaa dhaqaniis qooddannaa bishaaniirratti akka dubbataniif aangoon hin kennamneef, qoodannaa bishaaniirratti Itoophiyaa fi Masrii qofa otoo hin taane biyyoota yaa'a Naayil/Abbayyaa kurnanitu irratti mariyachuu qabaata" jedhu. Itoophiyaan biyya waltumsa biyyoota yaa'a Naayil/Abbayyaa mallatteessuun raggaasifte ta'uushiitiin, waliigalteen kuni otoo hin diigamiin mari'achuu akka qabdu hubachiisan. Ameerikaafi Baankii Addunyaa... Marii biyyoota sadan gidduutti mari'atamu keessa qaamni sadaffaan seenuu akka qabu yaada kan dhiyeessite Masrii turte. Pirezedaantiin biyyatti Abdulfattaa al- Siisii, Ameerikaan jaarsummaaf gidduu keenya haa seentuu jechuudhaan yaada dhiyeessuun isaanii ni yaadatama. Wayita sanattis, Itoophiyaan giddu seentummaa qaama sadaffaa akka hin fudhanne ibsitee turte. Booda garuu, Baankiin Addunyaa fi Ameerikaan marii biyyoota sadan giddutti gahee taajjabdummaa qabaachuun irratti hirmaatu jedhame. Ministirri Muummee Abiy Ahimad gaaffii mana maree bakka bu'oota uummataarraa dhiyaateef deebii wayita kennan, Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa waliigalchiisuuf gaafatanii waliigalchiisaa akka turan' dubbatan. ''Ameerikaa fi Baankii Addunyaa galateeffachuun kan barbaachisu, warra nu beekanii fi humna warra qaban fulduratti dubbannee walii galuu eegalleerra" jedhaani dubbatan. Namni maqaan isaanii akka hin eeramne barbaadan kun BBC'tti akka himanitti, Magaalaa Finfinneetti wayita yeroo jalqabaaf mari'atan taajjabdoota ta'anii hirmaatan, Kaayiroottis taajjabdoota ta'anii itti fufan, Sudaan Kaartumitti garuu waliigalchiisuuf dhiyaatan, gaafa Finfinneetti deebi'an jaarsummaan gidduu seenu itti fufani jedhu. 'Amma Waashingitanitti gartuu seeraafi teekinikaa dhiyeessanii, sanadni dhiyaate ifatti mariyatamaa jira' jechuun ibsu. A.L.I Mudde 11 marii Sudaan kaartuumitti biyyoota sadan jidduutti taa'ame Qaamoleen kunneen taajjabdummaarraa gara qaama waliigalchiisuutti ce'uusaniitiin olitti, Itoophiyaarratti dhiibbaa uumuurra darbee amma sodaachisuutti gahaniiru' jedhu ogeessi kun. Akka isaan jedhanitti, Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa yaada qaama walii galuuf mari'ataanirraa ka'u fudhachuuf fedha hin qaban jedhu. Caalatti yaada Masrii fi Sudaan qofa fudhatu. Dhimma hidha kanaarratti jalqabaarra kaastee bu'aa ofiif jecha Itoophiyaa cinaa kan dhaabatte Sudaan ejjannoo ishii jijjiiruun Masrii wajjin hiriiruu mirkaneessu. Akka namni kun ibsanitti yoo ta'e, Ameerikaan qoqqobbii Sudaanirra keesse akka kaafamuuf barbaadduus, Ameerikaan qoqqobbii kaasuuf haal-duree hedduu tarreessite jedhu. Pirezidanti duranii Sudaan al-Bashiir Mana murtii yakkaa idila addunyaa ICC'f dabarsitee kennuun, tarii haal-duree biyyattin guutte ta'uu danda'aa jechuun shakkii qaban himu. Masrii cinaa hiriiruun ulaagaa lammaaffaa yoo ta'u, isa kanas Sudaan raawwachaa jirtii jedhu. 'Qaama sadaffaa gidduu seensisuun gatiin jabaan kafalamu tokko kanumaa' jechuudhaan Itoophiyaaf karaa sirrii akka hintaane ibsu. Ameerikaan maaliif Masriif loogdi? Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp dhiyeenya kana karoora nageenya Baha Giddugaleessaa 'nagaan badhaadhinaaf' (Peace to Prosperity) jedhu ifoomsuun isaani ni yaadatama. Karoora kun magaalaan Jaruusaleem osoo hin qoodamiin magaalaa guddoo Israa'el akka taatu lafa kaa'e. Kana malees Paalastaayiniifi hawaasni idil-addunyaa seera qabeessa miti kan ittiin jedhu qubannaa Israa'el Westi Baanki keessatti ijaartuuf beekmtii kenna. Karoorichi Paalastaayin dabalatee biyyoota akka Iraaq fi Siiriyaa irraa ifatti mormiin isa mudateera. Karoora kana biyyootni Arabaa kaanis mormaniiru. Masriin biyyoota naannicha biratti dhageettii waan qabduuf karoorri Tiraamp akka milka'uuf qooda gamashii gumaachuu dandeessi jedhu namni kun. Sudaan fi Isra'eel Biyyoota liigii Arabaa Israa'eeliif beekmatii hin kennine keessaa tokko Sudaanidha. Biyyootni lamaan hariiroo siyaas-diinagdeen waliin qabanis jira kan jedhamu miti. Torbee tokko dura garuu haala seena qabeessa ta'een MM Israa'el Benjaamiin Netanyaahu fi walitti qabaan Mana maree Ce'umsaa Mootummaa Waraanaa Sudaan kan ta'an Abdulfattaa al-Buhraan Yugandaatti wal arganii mari'ataniiru. Hogganoonni lamaan erga mari'atanii booda hariiroo biyyoota lamaanii eegalsiisuuf waliigalaniiru. Maricha booda MM Netanyaahuun Sudaan karaa sirriirra jirti jechuun dubbataniiru. Biyyoota lamaan gidduutti hariiroon eegalamuun Israa'el biyyoota Liigii Arabaa biratti fudhatamummaa akka argattu fedhii Donaald Tiraamp gutuuf ni gargaara. Iccitiin Sudaan ejjennoo jijjiirrattee Masrii cinaa dhaabbachuus kanuma ta'uu danda'a jedhu ogeessi yaada isaanii BBC'f kennan kun. Marii kana keessatti wanti Itoophiyaan tole jechuu hin qabne maali jennee ogeessa kana gaafannee turre. "Haalli itti adeemamaa jiru balaa guddaa qaba" jedhu. Itoophiyaan durumaanuu Masrii fi Sudaan qofa waliin waa'ee qooda bishaanii irratti mari'achuu kan diddeef dhiibbaa narraan gahu jetteeti jedhu. "Amma garuu hammaatee afuuri fi tokko jidduutti falmii taasifamu ta'eera" jechuun Masrii, Sudaan, Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa waliin dhaabbachuu himu. Dhiibbaa amma jiru keessatti Itoophiyaan waliigaltee kana mallatteessitullee dhaloota dhufu biratti fudhatama waan hin qabneef turus biyyoota sadan gidduutti rakkoo uumuun isaa hin oolu jedhu. Itoophiyaa marii ammaa kana adda kutuu qabdi jedhu ogeessi kun. Boodatti deebi'anii mari'atanii hundayyuu fayyadamtoota waan taasisurratti hojjechuu wayya jedhan. Marichi yoo kan itti fufu ta'e bu'uura waliigaltee 'Declaration of Principles' bara 2015 mallattaa'een ta'uu qaba jedhu. Hogganoonni Itoophiyaa maal jedhu? MM Abiy Ahimad torbe darbe mana maaree bakka bu'oota uummataatti ibsa miseensota mana marichaaf kennanin, biyyoonni sadan waliigaltee isa dhuma mallatteessuuf qophaa'anii osoo jiranii, osoo hin mallattaa'iin akka sakatta'amu kallattii kennannii tursiisuu isaanii dubbataniiru. Sababa kanaanis pireezidant Donaald Tiraamp fi aanga'ota Baankii Addunyaa waliin bilbilaan mari'achuu himaniiru. MM Abiy akkuma hogganoota Itoophiyaa duraanii bu'aan waliigaltee kanaa Itoophiyaa kan midhu akka hin taane nan hojjedha jedhan. Ministirri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr Injinar Silashii Baqqalaas guyyoota lama dura 'haala fedhii biyyaalessaa Itoophiyaa hin miineen jabaannee ni hojjenna' jedhanii turan. Ameerikaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Fitsum Araggaas "waliigalateen mirga laga Abbayyaatti fayyadamuu Itoophiyaa dhiibu kamuu hin mallatteeffamu" jedhaniiru. Marsariitii Masrii 'Ahram Online' jedhamu waliigaltee MM Abiy Ahimad akka hin mallatteeffamne tursiisan Masriin mallatteessuu ishee gabaasee ture. Qondaalonni Itoophiyaa waliigalticha mallatteessuun dura biyyatti deebi'anii mari'achuu filataniiru jechun, Sudaanis waliigalticha akka hin mallatteessine eeree jira. Haa ta'u malee Sudaan fi Masrii jidduu wal-dhibdeen yaadaa guddaan hin jiru jedhe.
oduu-55837566
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55837566
Saanii Abaachaa: Qabeenyi biliyoona hedduu bulchaan duraanii Naayijeeriyaa saaman akkamiin argame?
Pireezidantiin Naayijeeriyaa duraanii Saanii Abaachaa maallaqa doolaara biliyoona hedduu saamee osoo hin nyaatin du'e. Qabeenya kana barbaadanii deebisuun hojii salphaa hin turre, baroota hedduu fudhate.
Saanii Abaachaa bara 1993 fonqolcha mootummaan gara aangoo dhufe Namichi maallaqa saamame kana barbaadee akka biyyattiif deebisuuf qacarame waa'ee hojii jireenya isaa guutuu dhuunfatee BBC'tti dubbateera. Fulbaana bara 1999 ogeessi seeraa lammii Siwiizarlaand Enriikoo Monfiriinii bilbilli jireenya isaa waggoota 20 itti aananii jijjiiru bilbilameef. "Halkan qixxee naaf bilbile, hoteela isaa dhaqee akkan isa arguu danda'u na gaafate, dhimma jabaa harkaa qaba. Anis 'sa'aatiin sokkeera garuu tole' jedheen." Namni bilbila kana bilbile aanga'aa olaanaa mootummaa Naayijeeriyaa nama turedha. 'Maallaqicha barbaaddee arguu dandeessaa?' Akka Moonfiriiniin jedhutti namni inni bilbilaan dubbise sun pireezidantii Naayijeeriyaa yeroo sanii Oluseeguun Obasaanjoon kan ergamedha. Namni sun maallaqa Saanii Abaachaa bara 1993 hanga 1998, wayita aangoorra ture saame akka barbaadu isa kaadhimuuf gara Jenevaa akka imale dubbata Moonfiriiniin. Akka ogeessa seeraatti Moonfiriiniin erga bara 1980moota irraa eegalee dhimmoota seeraa waa'ee buunaa, kakawoo fi meeshaalee kaan irratti Naayijeeriyaa keessaa maamiloota hedduu horateera. Maamilooti isaa kunneen hojii kanaaf mootummaaf eeruu kennuu akka hin oolle shakka. "Akkana jedhee na gaafate: 'Maallaqicha barbaaddee arguu fi akka hin sochoone gochuu dandeessaa? Maallaqni kun gara Naayijeeriyaa akka deebifamu haala mijeessuu dandeessaa?' "Ani akkas jedheen deebiseef: 'Eeyyee.' Dhugaan isaa garuu yeroos waa'ee hojii akkasii badaa hin beekun ture. Dafee barachuun narra ture, nan baradhe." Enriikoo Moonfiriinii maallaqa Saanii Abaachaa hate barbaadee deebisiisuuf waggaa 20 itti fudhate Jalqabbiif poolisoonni Naayijeeriyaa odeeffannoo herreegawwan baanki Siwiis cufaa ta'an muraasa kan maallaqa Saanii Abaachaa fi waahillan isaa saaman irra jira jedhamee yaadamu akka kennaniif Moonfiriiniin kitaaba isaa 'Recovering Stolen Assets' jedhu irratti barreesseera. Akka inni jedhutti qorannoo jalqabaa poolisiin Sadaasa bara 1998 taasiseen maallaqni doolaara biliyoona 1.5 ol Abaachaa fi waahillan isaan saamameera. 'Doolaara konkolaataatti fe'uun' Akkaataa maallaqni kun itti saamamee keessaa tokko addatti 'qaaniin hin jiru' nama jechisiisa. Abaachaan gaaf tokko gorsaa isaatiin sababa dhimma nageenyaa ifa hin taaneef maallaqa akka isa gaafatu itti hima. Gorsaan maallaqa gaafate Abaachaan ammoo ofumaa maallaqa sana mirkaneesse. Gorsaan isaas gara baankii jiddugaaleessaa deemee maallaqa sana erga baasii godheen duuba gara mana Abaachaa geesse. Maallqani gariin kan doolaaraan baafame yoo ta'u "konkolaataatti fe'amee bahe" jechuun barreessa Moonfirooniin. Kuni toftaa tokko Abaachaa fi waahillaan isaa maallaqa ittiin saaman yoo ta'u kanneen biroos jiru. Fakkeenyaaf hojiiwwan gara garaa kontiraata gatii daraan ol ka'een hiriyoota isaaf kennuufi maallaqa irraa hafe ofii fudhachuu fi dhaabbilee biyyoota alaa Naayijeeriyaa keessa akka socho'an maallaqa gurguddaa gaafachuun jira. Abaachaan maallaqichi dhimma nageenyaaf barbaadame jechuun doolaara biliyoona hedduu hateera Saamichi akkanaa waggaa sadii oliif itti fufe. Waxabajjii 8 bara 1998 tasa gaafa du'u garuu wanti hundu ni jijjiirame. Namni ganna 54 Saanii Abaachaa dhukkuba onnee tasaatiin ta'uu summeeffammee haa ajjeefamu wanti barame hin jiru jedhu haakiimni dhunfaa isaa BBC'tti wayita dubbatan. Erga du'een booda qorannoon reeffa irratti taasifamuu malu hin taasifamne jedhan. Abaachaan maallaqa saame osoo hin nyaatiin du'e, maallaqichi eessa akka jiru hin beekamu ture. Herreegawwan baankii muraasni garuu eessa jiraachuu akka danda'u eeruu kennan. "Odeeffannoon waa'ee herreegawwan kanaa ani argadhe, gara herreegawwan baankii biroo na akeekan," jedha Moonfiriiniin. Odeeffannoo kana qabachuun gara Abbaa Alangaa Siwiis deeme. San booda oduu guddaan kan dhagaahaame. Moonfiriiniin maatiin Abaachaa fi waahillan isaa dhaabbata yakka dalagu ijaaranii akka turan falmee ittis milkaa'e. Kuni oduu guddaa ture, sababni ammoo aanga'oonni herreegawwan baankii kanneen maal gochuu akka qaban filannoo kenneef. Saanii Abaachaa eenyu ture? Abbaan alangaa Siwiizarlaand baankileen biyyattii keessa jiran marti herreega maqaa Abaachaa fi waahillan isaan baname kamuu akka abeeksissan gaafate. "Sa'aatii 48 keessatti baankilee fi dhaabbileen maallaqaa biyyattii dhibbeentaa 95 ta'an herreega baankii kan maatii Abaachaan wal qabatu mara ifa godhan." Kun ammoo herreegawwan baankii guutuu addunyaarra jiran biroo akka saaxilaman karra bane. "Baankonni ragaalee qaban abbaa alangaa dhimmicha akka hordofu ramadameef Jenevaatti ergu, animmoo hojii abbaa alangaa sanaan hojjedha, inni yeroo hin qabu waan ta'eef," jechuun Moonfiriiniin BBC'tti hime. 'Herreegawwan baankii guddoo dubbatu' "Herreegga hunda irraa maallaqni irra jiru eessaa akka dhufe ykn ammoo eessa akka dhaqe argachuu dandeenya. "Maallaqni eessaa akka galuu fi garam akka bahu baruun koo kafaltiin biroo biyyoota kaaniif kafalaman ykn kan biyyoonni kaan isaaf kafalan akkan argadhu na gargaare. "Odeeffannoon tokko isa biraatti nu akeekaa oppireeshinii idil-addunyaa guddaa keessa seenne. "Herreegawwan baankii fi ragaaleen arganne waan guddoo dubbatu. "Maallaqni bakka tokko gara biraatti ergamaa akka ture ragaa gahaa arganne, Bahaamaas, Nasaawu, keeyman Ayilaandis kaanis kaanis." Caasaan Abaachaan diriirse Moonfiriiniif hojii guddaa ture. "Eenyuyyuu dhamaatii hojiin kun qabu hin hubanne. Nama hedduufan kafale, ogeeyyii herreegaa fi seeraa biyyoota gara garaa keessa jiraniif kafaltii gara garaa raawwadheera." Moonfiriiniin maallaqa Naayijeeriyaaf deebisiisu keessa dhibbeentaan 4 akka argatu waliigalte. Booda garuu kuni "baay'ee rakasa" jedhe. Duuti tasaa Abaachaa yeroo gaaffii hedduu uumee ture Maallaqicha barbaaduun Naayijeeriyaatti deebisuu waliin yoo madaalamu yeroo gabaabaa fudhate. "Maatiin Abaachaa akka sarotaatti lolaa turan. Waan nuti goonu mara irratti ol iyyannoo gaafatu turan. Kuni adeemsi isaa yeroo dheeraa akka fudhatu godhe." Booda ammoo maallqani sun ammas yoo debi'e ni hatama jechuun aanga'oonni Siwiis falmii kaasuun caalattu lafarra harkise. Maallaqni hangi tokko waggoota shan booda Siwiizarlandi irraa gara Naayijeeriyaa deebi'e. Moonfiriiniin bara 2008 akka barreessetti herreegawwan baankii Siwiis maatii Abaachaa keessatti kan argame doolaarri miliyoona 508 bara 2005 fi 2007 jidduutti Naayijeeriyaaf deebi'e. Bara 2018 maallaqni Siwiizarlaand Naayijeeriyaaf deebistee doolaara biliyoona 1 gahee ture. Biyyoonni kaan maallaqa argame deebisuuf harkifatanii turan. Leechteenistayin bara 2014 doolaara miliyoona 277 Naayijeeriyaaf ergite. Waggoota jaha booda bara 2020 herreegawwan baankii Chaanel Ayilaand Jeersii irraa doolaarri miliyoona 308 Naayijeeriyaaf deebi'eera. Biyyooni kaan ammallee kan hin deebisne jiru. Moonfiriiniin UK irraa doolaarri miliyoona 30, Firaans irraa miliyoona 144 akkasumas Jeersii irraa dabalataan miliyoonni 18 Naayijeeriyaaf akka deebi'u eegaa jira. Ammaaf kanuma "garuu maaltu beeka" jedha, tarii kan biraa jiraachuu akka malu akeekuun. Walumaagalatti hojiin isaa maallaqa saamame doolaara biliyoona 2.4 deebisiiseera. "Jalqabarratti namoonni Abaachaan yoo xiqqaate doolaara biliyoona 4-5 hateera jedhu turan. Akkas natti hin fakkaatu. Waan inni qabu harka caalu, irra gguddaa isaa deebisiifneerra." Ammatti maatiin Abaachaa "akka kanaan duraa galaana maallaqaa keessa daakaa hin jirani" jedha. Hojii hojjetetti gammachuu qaba Moonfiriiniin. "Wayitan ijoollee koo hedduu ta'anitti waa'ee dhimma kanaa haasa'u, maallaqicha argee akka hin sochoone dhorkeera, aanga'oota amansiisuun gaarummaa uummata Naayijeeriyaaf jecha akka biyyatti deebi'u taasiseeran jedhaan. "Hojicha milkiin hojjenneerra."
oduu-50953781
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50953781
Dhukkubsattuun kaansarii baqaqsanii wallaanuurratti ibiddaa gubattee duute
Dubartiin lammii Romaaniyaa baqaqsanii yaaliirra turte ibiddaan gubattee duute.
Ogeessonni yaalii baqaqsanii hodhuu, kan suuraarra mul'atan miti, rakkoo fayyaa akka hin finnef alkooliin ergaa dhimma bahanii booda haaduu elektirikaa fayyadaman Ogeessonni baqaqsanii wallaanuuf hospitaala Filoreskaa magaalaa guddoo biyyattii Buchaarest keessatti argaman wal'aansa kana taasisuun dura rakkoo fayyaa [infeekshinii] akka hin uumamneef alkoolii fayyadamanii turan. Baqaqsanii wallaanuun kun gaafa Muddee 22, 2019 kan taasifame yoo ta'u dubartiin umrii 66 taate kun hospitaala sana ciisaa turteetti. Ergasii booda haaduun ogeessonni ittin qalan kan annisaa elektirikaa qabu ture. Egaa yeroo kanatti dubartiin teessuma wal'aansa taasifamaafi jiru irratti ibiddaan kan gubatte. Qaama ishee keessaa hanga 40% kan gubatte yoo ta'u torban tokko booda hospitaala keessatti lubbuun ishee dabarte. Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti du'a dhukkubsattuu kana irratti poolisiin qorannoo eegaleera. Maatiin dubartii duutee miidiyaa Romaaniyaaf akka himanitti wanti isaanitti himame ''balaa'' ta'u isaati malee waan sirriitti dhalate quba hin qaban. ''Wantoota TV irratti gabaafamanirraa waan dhalate hamma tokko barreerra. ''Himachaa hin jirru, waan dhalate hubachuu qofa barbaanna.'' Ministeerri Fayyaa biyyattii Viktoor Kostaach waan ''rifaasisaa'' mudate qorachuuf waadaa seenaniiru. Ibsa bahe keessatti wanta dhalate kanarraa akka barannu abdii qabna jedhan. ''Aniifi gareen Ministeera Fayyaa ani qindeessu dhugaa jiru baruuf waan danda'ame hunda taasifna,'' jechuun ibsan. Ministir Di'eetaan Ministeera Fayyaa biyyattii Horaatiyu Moldovaan gama isaaniin ogeessonni yaalii baqaqsanii hodhuu haaduu elektirii qabu yoo fayyadamu ta'e yeroo wal'aansaa rakkoon fayyaa akka hin mudanne qaama dubartii irratti alkoolii fayyadamuu hin qabani ture jedhan. Biyyoota miseensa Gamtaa Awrooppaa ta'an hunda keessaa biyyi sagantaa fayyaa ishee irratti qarshii xiqqoo baastu Romaaniyaadha. Biyyattiin lakkoofsa hammeentaa namoota du'anii guddaa ta'e, hanqina ogeessota fayyaafi bu'uraaleen hospitaalotaa hin guddanne qabdi.
oduu-46204715
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46204715
Namichi ilmoon leencaa konkolaataa keessatti qabatee deemaa ture Paarisitti qabame
Qondaaltonni poolisii magaalaa Paaris to'ataa turan bakka 'Champs-Élysées' jedhamutti ilmoon leencaa konkolaataa gatii guddaan bitamtu keessatti argamu dhagahan.
Ilmoon leencaa kuni maqaa ''Putin'' jedhamu qabdi Konkolaataa gosa Laamborgiinii jedhamu yeroo dhaabsisanitti konkolaachisaan ilmoo bineensaa waliin yeroo suura ka'u poolisiin bira gahe. Nami maqaan hin dhahamne, umurii isaa ganna 33 ''lakkisaa adurreedha'' jedhee poolisoota mormuun goyyoomsuu yaalus, boodarra hidhaa seeneera. Leenci dhaltuu erga dhalattee ji'a lamaafi walakkaa taateefi maqaa ''Putin'' jedhamu qabdu kuni dhaabbata tola oolaa bineensotaaf kunuunsa taasisu "30 Millions d'Amis" jedhamutti kennamteetti. Ji'a darbes ilmoon leencaa biraa mana jireenyaa Paaris keessatti argamee ture.
oduu-52265635
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52265635
Koronaavaayirasiifi dippilomaasii: Covid-19 biyoonni qoricha, maaskiifi dhimmoota biroon wal himataa jiru
Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa kana raasuu jalqabee hariiroon dippolomaasii biyyoota addunyaa baayyee gidduu jiru daran waan hammaataa deeme fakkaata.
Rakkoon Covid-19 qoccolloo Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti akka dabalu taasisaa jira Maddi rakkoo waldhabdee biyyoota addunyaa kunis kan giddu-galeessa godhate, dhimmoota akka jiraachuufi jiraachuu dhabuu qorichaafi meeshaaleen wallaansaa, akkasumas wal qeequu akkaataa ittiin weerarri dhibee kanaa ittiin qabame irratti. Ispeen biyyoota weerara koronaavaayirasiin baayyee miidhamte keessaa ishee tokkodha. Biyyi kun meeshaa wallaansa fayyaa, keessumaa naannoo dhibeen Covid-19 cimsee miidhe keessatti baayyistee barbaaddi turte. Haata'u malee, meeshaan sirna argansuu ittiin wallaanan dhaabbileen fayyaa Ispeen naannolee baayyee dhibee Covid-19n miidhamaniin bitamee dooniin fe'amee darbaa ture mootummaan Turkii jalaa saameera. Miidiyaaleen Ispeenis maddeen biyyattii waabeffachuudhaan gochicha "hanna" jechuun gabaasaniiru. Deddeebi'uu torban tokkoo oliin, ministeerri dhimma alaa Ispeen meeshaa dooniin fe'amee Turkiirraan darbaa ture biyya galfachuu mirkaneeffateera. Ta'us garuu taateen mudate sun fakkeenya biraa akkamitti akka Covid-19 hariiroo dippilomaasii biyyoota addunyaa gidduu jiru daran hameessaa jiruudha. Wal-dhabdeen eessa eessatti uumaman? Qoccolloon Ameerikaafi Chaayinaa gidduu jiru morkii ol aantummaa argachuu akka ta'e beekamaadha. Keessumaa ammoo gochi Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) faayidaa Chaayinaa giddu-galeessa godhate jechuudhaan gargaarsa maallaqaa Dhaabbatichaaf biyyi isaa taasiftu kutuuf kan murteessan agarsiiftuu gaariidha. Kutaa wallaansa addaa (ICU) hospitaala Ispeen keessa jiru Wal-dhabdeen xixiqqaan bakkaa bakkatti mumullatanii turan. Kan Chaayinaa waliin ture garuu hammaataa ta'ee himannaa lakkoofsa namoota dhibee vaayirasichaan miidhamanii gadi xiqqeessuun gabaasuu jedhudha. "Osoo ta'ee akka yaadaatti, biyyoonni hunduu yeroo diina tokkicha lolaa jiran kanatti walitti dhufanii wal cinaa dhaabbachuu isaanii arguun nurra ture," jedhu Landan Iskuul oof Ikonoomiksiitti qorattuun hawaasaafi siyaasaa Soofiyaa Gaaston yeroo BBCtti dubbatan. "Qabatamaan, rakkoon weerara dhibee kanaa biyyoonni addunyaa akka gara keessaa ilaalan gochuun wal tumsuu caalaa wal morkachuun akka cimu taasiseera." Fakkeenyi tokkos wal mufachuu biyyoota Gamtaa Awurooppaa gidduutti dhalatedha. MM Xaaliyaan Guseeppee Kontee deebii Gamtaa Awurooppaatti hin gamdne Xaaliyaan keessatti yeroo namoonni dhibeen Covid-19 irratti argame akka malee baayyatetti gargaarsa meeshaa wallaansa fayyaa argachuuf biyyoota ollaa gaafattee turte. Jarmaniifi Faransaay garuu meeshaaleen wallaansa fayyaaf oolan akka biyya alaatti hin ergamne dhorkan. "Sirriidhumatti kun wal tumsuu Awurooppaanotaatiif mallattoo gaarii miti," jechuun marsariitii Politikoo jedhamurratti barreessan Biraaselsitti ambaasaaddarri Xaaliyaan Maawuriiziyoo Masaarii. Xaaliyaannon waa'ee yaada gargaarsa biyyoota Gamtaa Awurooppaa baayyee miidhamaniif ta'uu qaba jedhu dhiyaatee ture Jarman mormites hedduu haaraniiru. 'Dippilomaasii maaskii' Chaayinaa Neezerlaandis, Awustiriyaafi Fiinlaadilleen karooricha ifatti yeroo morman, Ispeen, Faransaay, Beeljiyeem, Giriik, ayerlaand, Poorchugaal, Siloveeniyaafi Luuzenberg garuu sagantaa sana deggaranii turan. Kun ta'uun ammoo biyyoota Gamtaa Awurooppaa gidduutti wal qooduun dabaluu isaa agarsiisa. Xaaliyaanis bakka itti qorannoon qaggeeffamu taate, akka ogeessonni jedhanitti sababii 'dippilomaasii maaskii' Chaayinaatiif. Chaayinaan erga weerara koronaavayirasii biyya ofii keessaa to'atteen booda dhukkuba kana dura dhaabbachuudhaaf akka danda'aniif biyyoota gargaarsa mara biyyoota hedduuf rabsuutti kaate. Raashiyaan biyyoota gargaarsa Chaayinaa argatan keessatti argamti. Xaaliyaanis gargaarsa meeshaa wallaansa fayyaa, meeshaa ittiin qorataniifi garee doktoroota fayyaa CHaayinaa gootummaatiin faarfaman argatteetti. Kanaan walqabatees, jajachuun hashtag #grazieCina (Chaayinaa Xaaliyaan isin galateeffatti) jedhu miidiyaalee hawaasummaa Xaaliyaan keessa jiran irratti hedduu qoqqodamaa tureera. Dhaabbata Gorsaa Landan keessatti argamu Pax Tecumjedhamutti daarektarri ol-aanaa Gesu Antonio Baez, akka jedhanitti carraaqqii qaawwa Ameerikaan akka addunyaatti bantee jirtutti fayyadamuudha. Qaawwi kun ammoo erga Doonaald Tiraamp duula pirezedaantummaa isaanii irraa eegalanii "Dursi Ameerikaaf" dhaadannoo jedhun bara 2016 irraa eegalee kan cimee bal'ataa dhufedha jedhu ogeessi kun. Waanti agarsiisu Ameerikaan yaada araaraafi dubbiin yaa haftuu irraa fagoo ta'uu kan agarsiisu qoccolloo Chaayinaa waliin qaban qofaa miti. Fakkeenyi biraan, dubbii Tiraamp talaallii Covid-19 kampaanii fayyaa Jarmaniin hojjetame irratti mirga abbummaa dhuunfachuuf akka fedhan dubbatanidha. Kun ammoo aanga'oota Jarman akka malee haarseera. Qoricha liqimsaa Dhiyeenya kana ammoo Pirezedaant Tiraamp Indiyaa akeekkachiisan. Yoo Indiyaan qoricha busaa hayidirookiloorookin jedhamu akka qoricha Covid-19 ta'utti qoratamaa jiruu biyya alaatti erguu ni dhorkiti ta'e haalaa ba'uuf jirra jechuun dhaatan Tiraamp. "Yeroo rakkoo weerara kanaa keessa Ameerikaan carraa dippilomaasii aangoofi dhageettti dabalachuun fuula duratti hin deemne. Chaayinaan garuu qaawwa uumame kana fayyadamuun amma carraa argatteetti," jechuun ibsan Baez . "Dippilomaasiin maaskii" adeemsa salphaa hin turre akka Baez agarsiisanitti. Ilaalchi Chaayinaan yeroo Covid-19 tatamsa'uu eegalutti maaliif saffisaan to'achuu dadhabde jedhu akka hawaasni addunyaa ishee shakku taasiseera akka Soofiyaa Gaaston jettutti. Gabaasawwan intelijensii Ameerikaa Chaayinaan namoota biyya ishee keessatti dhibee kanaan qabamaniifi du'anm ni dhoksiti jechuun himate eertis. Aanga'oonni Biriitishis ragaa Chaayinaa isa sirriidha jedhamee mootummaan baase gaaffii irratti kaasti. "Chaayinaan yeroo hojii maqaa ishee tolfannaaf gurra ergannaa hojjechaa jirtutti ija shakkiinis ilaalamaaa jirti. Osoo ammoo lakkoofsi sirriin barameetii caalaa miidhaa hamaa ishee qabaachuu mala," jetti Soofiyaan. Pirezedaantiiwwan Chaayinaafi Biraazil yeroo ammaa Biraazilis ejjennoo Chaayinaa gaaffii keessa galchaa jiru kan biroodha. Erga weerarri kun ka'een booda Chaayinaafi Biraazil wantota xixiqqoo ta'an irratti afaan keessa wal bahaniiru. Hanga dippilomaatonni Chaayinaafi nzamoonni pirezedaant Bolsonaaroo dhiyeenya qaban karaa miidiyaa hawaasummaatiin dubbbiin wal barbaadanirra gaheera. Keessumaa, dhimmoota fuullee daldalaarratti walitti dubbachuu jalqabaniiru. Chaayinaan michuu daldalaa Biraazil ishee hundaan oliidha. Fakkeenyaaf, Chaayinaan atara sooyaa jedhamu %80 Birazilirraa bitatti. Aanga'oonni fayyaa Biraazil ammoo ventileeteriifi meeshaaleen wallaansa fayyaa Chaayinaarraa argachuudhaaf dhama'aa turan. Wal dhabdee duraan jiru daran hammeessuu "Dhimmi kun dippilomaasiin yeroo kamirrayyuu caalaa maaliif akka barbaachisu agarsiisa," jetti Soofiyaan. "Biyyoonni haala jiran sakatta'anii ilaaluudhanan sodaa jiru waliin dubbachuu qajeelaa ta'een furuu qabu." Haata'u malee, dhimmi vaayirasichaas ibidda duraan ture irratti beenzila dabalaa jira. Fakkeenyaaf, Kolombiyaafi Venezuweelaa kaasuun ni danda'ama. Aanga'oonni Kolombiyaa bulchiinsa pirezedaantii Venezuweelaa Nikoolaas Maaduroof beekamtii hin kennine. Biyyoonni hollaa waliin kun erga godaantonni Venezuweelaa daangaarra jiran Kolombiyaatti seenaniin waldhabdee keessa galaniiru. Waldhabdeen isaan gidduu jiru dhiyoon ammoo Ebla 1 yoo ta'u sababii Maadurootiin ture. Pirezedaant Maaduroon maashina Covid-19 ittiin qoratan alama gita isaa Pirezedaantii Kolombiyaa Ivaan Duukuuf kennan. Guyyoota dursee maashiniin Covid-19 qoratu tokkottiin Kolombiyaan qabdu yeroodhaaf cabdee turte. Kennaan sun garuu waajirri pirezedaanti Duukuun galateeffachuu caalaa callisuun simatame. Kuna mmoo pirezedaantii itti-aanaa Venezuweelaa dabalatee haarii cimaa uume. Pirezedaantii Venezuweelaa Maaduuroo "Mootummaan Ivaan Duukuu maashinoota pirezedaant Maaduurootiin kennameef lamaanuu fudhachuu dhiise... Kun ammoo tuffii Mr. Duukuun lubbuufi fayyaa ummata Kolombiyaaf qabudha," jechuun tiwiitera irratti barreessite. Gaaffiifi deebii Ebla 7 raadiyoodhaan tamsa'een, Duukuun akka jedhetti, maashinichi "gosa qorannoo, gosa wantota galee qorannoof barbaachisan ykn ammoo wantota nuti qorannoof Kolombiyaa keessatti itti fayyadamnu waliin wal hin simu jedhan." Baha Giddu-galeessaa keessatti Kataariifi Ijjiptiin dhimma carraa lammileen Ijjiptii Kaataar keessatti danqamaniirratti wal-dhabdee keessa jiru. Kaataar namoota Covid-19 irratti argame biyyoota Galoo Galaanaa keessatti isa ol-aanaa ta'e keessumeessaa jirti. Aanga'oonni Kataar Al Jazeera tti akka dubbatanitti qondaaltonni Ijjiptii xiyaara hojjetoonni emirati ofiin dhuunfatanii ittiin deemaniin deemuu fudhachuu didan. Ijjipti ammoo garee biyyoota Arbaa warra erga bara 2017 irraa kaasee Kataar waliin rakkoo dippilomaasii hammaataa keessa seenan waliin jirti. Gareen biyyoonni Arabaa Ijjipti keessa jirtu kunis mootummaan Kaataar garewwaan shorokkeessitootaa deggaraa jirti himannaa jedhuunidha. Namni maaskii uffatee yeroo dhaabatutti gamoowwan magaalaa Dohaa ammoo duubaan mul'ataa jira Maaskiifi karra cufachuu caalaa sababiiwwan caalaa falmisiisoo ta'an Haata'u malee, maaksii ykn karra cufachuu caalaa dhipphinni wal-qeequu/walgaarerfachuun uumame. Gaafa Bitootessa 18, gabaasni Gamtaa Awurooppaa Raashiyaan oduu sobaa waa'ee Covid-19 biyyoota gama Dhihaa ilaalchisee tamsaasuun miidiyaaleerratti dhiibbaa gochaa jirti jedhu dhokatee bahe. Dubbi himaan motummaan Raashiyaa tokko garuu himannaa sanaan "waan dharaati" jechuun waakkatee ture. Wal-dhabdeen babal'ataa jiraatuyyu garuu, akka ogeessonni tokko tokko adda baafatanitti ammoo yeroo weerara kana keessa miira gaarii wal tumsuunis jira jedhu. Inistitiyuutii Misooma Baargamaatti qorataan Annalisa Prizzon jedhaman, yeroon rakkoo kun wal-tumsuufi wal-cinaa dhaabbachuuf carraa guddaa uumeera jedhu. "Rakkoon kun kan nu agarsiisaa jiru kan biraan biyyoonni guddataniiru jedhaman yeroo hundaa ' warra bekan' akka hin taanedha," jedha Prizzon. Meeshaan wallaansa fayyaaf oolu yeroo Chaayinaa irraa gara Raashiyaatti fe'amu "Muuxannoo Chaayinaan akkaataa Xaaliyaan ittiin dhiibbaa weerara dhibee kanaa dura dhaabbatturratti yeroo sirriitti qooddeefis fakkeenya mul'atudha." Soofiyaa Gaaston garuu ammallee tumsi kana caalu ni barbaachisa jettee yaaddi. "Carraa miliqedha, keessumaa biyyoota gama Lixaatiif yeroo maqaa ergachuufi sabboonummaan ol ka'ee mul'achaa jiru keessatti," jetti. "Kun yeroo humna tokkummaa itti agarsiisan ta'uu qaba ture." "Kana ta'uun hafee, tarsiimoowwan baayyeen hariiroo biyyoota gidduu jiru kan daran hammeessan ta'aa jiru," jechuun goolabdi.
oduu-52466225
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52466225
Lafa magaala Finfinnee hektaara 46 'seeraan ala qabame' jedhame duuba maaltu jira?
"Namoonni dhuunfaa mootummaa keessatti gahee qaban dhimmicha keessaa harka qabaachuu isaanii qorannoon ni mul'isa" jechuun hogganaan Biiroo Nagaa fi Tasgabbii Magaala Finfinnee Komishinar Addunyaa Dabalaa BBC'tti himaniiru.
Lafti magaala Finfinnee kutaa magaala Nifaas-Silk Laaftoo aanaa Jamootti argamuu fi kaaremeetira 460,000 bal'atu 'seeraan ala qabameera, qonnaan bultootni fi namootni dhuunfaan biroos akka burjaaja'an taasifameera. Shakkamaan gochaa kana duuba jirus to'annoo jala oolera' jechuun miidiyaalen mootummaatti dhiyeenya qaban gabaasaa turan. Namni gochaa kanaan shakkamuun yeroo ammaatti dhimmi isaanii Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa tokkoffaa dhaddacha Araadaatti ilaallamaa jiru immoo walitti qabaa boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ kan ta'an Obbo Lammii Taayyeeti. "Obbo Lammiin dhimma hojiitiif manaa akkuma bahanitti qabaman" jedha ilmi isaanii dargaggoo Seenaa Lammii. Abukaatoon isaanii Obbo Liiban Abdii immoo maamilli isaanii "aksiyoona seeran alaa hundeessuu, qonnaan bultoota gowwomsuu, qarshii miiliyoona 60 sassaabuu akkasumas lafa hektaara 46 qonnaan bultootarraa sassaabaniiru" jedhamuun shakkamanii qabamuu isaanii BBC'tti himan. Garuu Obbo Lammii Taayyee eenyu? Lafti jedhamehoo kan eenyuti? Gabaasa kana irraa argattu. Bara Jalqabbii… Bara 2009 qonnaan bultoottni kutaa magaala Nifaas-silk Laaftoo aanaa Jamoo jedhamuun beekkamutti lafa qonnaa qaban jaha fi namootni biroon/diyaaspooraa sagal waliigala namootni 15 Waldaa Aksiyoona Diyaaspooraa fi Qonnaan Bultoota Finfinnee Misoomaaf Kaafamanii jedhamu hundeessan. Waldichi "qonnaan bulaan lafa isaarraa osoo hin buqqa'iin misoomsuu akka danda'u, mana jireenyaas akka argatu, mana appaartaamaa akka argatu fi aksiyoona keessaayis fayyadamaa akka ta'uuf jedhamee hundeeffame" jedhu qonnaan bultootni miseensa waldicha ta'an. Iddoo sanaa lafa kaare meetira 9,000 akka qaban kan BBC'tti kan himan Obbo Tsaggaayee Diroo, "beenyaa kan mootummaan kaffaluu olitti beenyaa gaarii kaffalla nuun jedhan. Kanaan waliigallee waldaan kun uummame" jedhan. Adeemsa hundeeffama waldaa kanaa keessatti namni gahee ijoo qaban fi keessattuu namoota diyaaspooraa jedhaman gara waldichaatti kan fidan nama Obbo Lammii Taayyee jedhaman akka ta'an qonnaan bultootni BBC'n dubbise himaniiru. Waldaan aksiyoonaa kun tajaajila paarkingii, qonna magaalaa, ijaarsa gamoo fi gurgurtaa shaqaxaa dabalatee dameelee hojii torba ta'an irratti hojjechuuf heeyyama daldalaa baafachuusaa miseensa waldichaa fi yeroo muraasaaf immoo bakka bu'aa hoji gaggeessaa waldichaa ta'uun kan hojjatan Obbo Gullilaat Tashoomaa ni himu. Yeroo keessas namootni biroo gara waldichaatti makamuun lakkoofsi qonnaan bultootaa 150 ol gahuusaa qonnaan bultootni BBC'n haasofsiise dubbatu. Obbo Lammii Taayyee Eenyu? Akka odeeffannoo maatii isaaniirraa argannetti Obbo Lammii Taayyee godina Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doollootti dhalatan. Waggoota muraasa dura gara biyya Keeniyaa barumsaaf deemanii deebi'uu isaanis miseensi maatii isaanii BBCn haasofsiise himu. Obbo Lammii Taayyee ogeessa seeraa yoo ta'an sagantaa 'Gaaddisa Haqaa' OBN irratti dhiyeessaa turanin beekkamu. Yeroo dhiyootti ammo 'Koree Araara fi Nagaa Furtuu' waldhibdee mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO gidduu jiru furuuf hundaa'e keessa barreessaa olaanaa korichaa ta'un hojjetaa turan. Walitti qabaa boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ ta'uunis dameelee waldichaa keessaa tokko kan ta'e dhaabbata televiziyoonaa 'Finfinnee Integrated Broadcasting /FIB/' olaantummaan hogganu. "Fuula Lamaan Baddalameen Jira…" Waldaan Aksiyoona Diyaaspooraa fi Qonnaan Bultoota Finfinnee Misoomaaf Kaafamanii akka eegametti fulduratti tarkanfachuu hin dandeenye. Yeroo jedhamettis hojiin eegalamee qonnaan bultoonni faayidarraa irraa argattu jedhaman argachuu hin dandeenye. Sababa kanaafis qonnaan bultoonni waldicha keessaa bahanii lafa isaanii dhimma biraaf itti fayyadamuuf yoo gaafatan walitti qabaan boordii waldichaa Obbo Lammii Taayyee maqaa waldichaatiin laficha irratti dhorkaa mana murtii baasisuun qonnaan bultootni waldicha keessaa bahuu barbaadanillee lafa isaanii akka hin fayyadamne dhorkuu isaanii qonnaan bultootni ni komatu. Kun kanaan osoo jiru bara 2011 keessa waldichi irra deebiin maqaasaa jijjiratee Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ jedhamuun hundaa'e. "Warri bulchiinsaa 'qonnaan bulaa fi diyaaspooraan walta'ee hojjechuu qaba. Walin hojjedhaa' nun jedhan" kan jedhan qonnaan bulaan BBC'f yaada isaanii kennan hooggansi Paartii Badhaadhinaa sadarkaa magaala Finfinnee jirus waldichatti akka makamaniif qonnaan bultoota irratti dhiibbaa gochaa akka turan dubbatu. Walgahiin dhimma waldaa kanaas Giddugala Aadaa Oromoo magaala Finfinneetti argamutti taasifamuu isaa fi hoggantootni paartichaa irratti argamuu isaanii qonnaan bultootni ni himu. "Haa ta'u malee waldaan bifa haaraan ijaarrame kunis hojii qabatamaan qonnaan bultootaaf bu'aa buuse hin hojjenne" jedhu qonnaan bultootni. Lafti qonnaan bultootaa hektaara 46 kun dallaa shiboo ijaarrame fi konteenaroota sibiilaa muraasaan alatti wanti irratti ijaarrame hin jiru. "Ani fuula lamaan baddalamee jira. Akkan lafa kiyyatti hin fayyadamne mana murtiitin dhorkameera. Birriikoo yeroon gaafadhu immoo 'aksiyooniidhaaf galeera' naan jedhani jedhu qonnaan bulaa Kabbada Isheetuu jedhaman. ''Lakkoofsa herreegaa waldaa keessa yeroo ilaalamu immoo maallaqa maqaa kiyyaan baasisee maqaa mucayyoo isaa keessa galfate' jechuun walitti qabaa boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee Obbo Lammii Taayyee komatu. "Laficha umrii keenya guutuu qotaa turre. Bara Dargiiyyuu laficha qotataan ture. Wantin itti amanee boru ijoollee keenyaafuu ni ta'a jenne itti amanne yeroo akkana ta'u keessi keenya baay'ee rifate" jedhu qonnaan bulaan inni biraa Obbo Biifaa Caakkaa. Qonnaan bulaan kun yeroo ammaatti hoji dhabaa ta'uu isaanii dubbatu. Waldicha keessaa erga bahanii booda lafa qonnaa isaanii irratti hojii daldala mukaa hojjechuuf lafa isaanii irratti muka guursisuu isaanii kan himan Obbo Gullilaat Tashooma immoo sababa dhorkaa laficharra kaa'amen hojjechuu akka hin dandeenye fi mukti isaanii jalaa tortoruu isaa himu. "Afaanin kan haasa'u kan biraati. Kaayyoon duuba jirummo kan biraati. Diraamaa jabaa qaamni mootummaallee beeekudha" jedhu Obbo Gullilaat. "Oolmaa Mana Murtii Obbo Lammii Taayyee" Yakkoota "aksiyoona seeran alaa hundeessuu, qonnaan bultoota gowwomsuu, qarshii miiliyoona 60 sassaabuu akkasumas lafa hektaara 46 qonnaan bultootarraa sassaabuu" jedhanin shakkamanii hidhaarra kan jiran walitti qabaan boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee Obbo Lammii Taayyee Kibxata ganama Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Tokkoffaa dhaddacha Araadaatti dhiyaatanii turan. Beellama Kibxataan poolisiin "qorannookoo hin xummurre. Ragaa namootaa sassaabaan jira" jechuun beellama guyyaa 14 gaafachuun isaa abukaatoon shakkamaa Obbo Liiban Abdii BBC'tti himaniiru. Manni murtichaas Obbo Lammii Taayyee mirga wabii erga dhowwatee booda Caamsaa 01 bara 2012ti beellame. Lakkoofsawwan herreega baankii Obbo Lammii Taayyee, kan intala isaanii akkasumas kan Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee maallaqni akka hin sochoonef dhorkaan irratti bahuunsaas beekkameera. "Dhaabbata hin jirre miti…" Waldaan Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee "heeyyama daldalaa kan qabu malee akka miidiyaa hawwaasummaa irratti haasa'amu dhaabbata hin jirre miti. Kaampaanii mootummaadhaan beekkamtiin kennameefidha" jedhu abukaatoo Obbo Lammii kan ta'an Obbo Liiban Abdii. Komii waldichi hanga ammaatti hojiitti hin seenne jedhuf immoo "kaampaanin laficha erga fudhatee booda wayita gara hojiitti seenuf jedhu warri Waajjira Lafaa himataan isaan rakkisaa turan" jedhu. Kaampaanichi hojiitti seenee qarshii akka fidu fi bu'aa isaammoo abbootii aksiyoonaaf akka hin kennine gochaa turan. Kanaaf kaampaanichi yeroo argatee hojii hin hojjenne. Warri mootummaa isaan hojjechiisaa hin turre" jedhu. Sababa kanaan waldichi bara 2009 hanga 2011 falmii seeraa keessa turuusaas himan. Abukaatoon Obbo Lammii Taayyee kun qaamoleen mootummaa laficha mana amantaa fi hojjettoota waajjiraalee mootummaa gurmaa'aniif laficha kennaa turuu isaanii fi lafichi namoota birootiif akka hin kennamneef waldichi mormiirra turamuusaa himu. "Miidiyaa hawwaasummaa irratti akka waan Obbo Lammiin laficha ofiif qabatee turetti haasa'ama. Garuu dhugaan jiru isa natti hin fakkaatu. Dhaabbatni kun kan Obbo Lammii miti. Akkuma nama kamiyyuu dhaabbata kana hogganuun bulchaa jiru." "Dhaabbanni kun immoo diyaaspooraa fi qonnaan bultoota 150 ol gurmaa'an of keessatti kan qabate dha" jechuun ilmi Obbo Lammi Taayyee dargaggoo Seenaa Lammii BBC'tti himeera. Yaada Bulchiinsa Magaalichaa Dhimmi lafa hektaara 46 fi Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee Biiroo dhimma Nagaa fi Tasgabbii Magaala Finfinneetiin qabamee jira. "Qotee bulaa karaa adda addaan dogongorsiisuu fi sodaachisuun lafti hektaara 46 ol qabamee jira" kan jedhan hogganaan biirichaa Komishinar Addunyaa Dabalaa 'qorannaa irratti dhiibbaa qaba waan ta'ef' jechuun lakkoofsa shakkamtootaa to'annoo jala oolan nutti himuurraa of qusataniiru. "Kaampaanin maqaan isaa dhahame kun qaama ilaallatu irraa beekkamtii argatee jira. Kan nuti qulqulleessaa jirru waa'ee beekkamtii dhaabbatichaa osoo hin taanee akkaataan lafti magaalaa qonnaan bulaa irraa ittiin fudhatame fi harka ittiin galchan seeraan ala karaa jedhun qorachaa jirra" kan jedhu komishinarichi. "Qotee bulaa fi diyaaspooraan aksiyoona sana keessa gale akkamitti yakki akka irratti raawwatame wayita qorannaan xummurame uummata akka beeksisnu abdiin qaba" jechuunis himan. Dhimmicha keessaa gahee qabaachuu angawoota mootummaa fi hojjettoota dhaabbilee mootummaa biroo kan gaafanne Komishinar Addunyaa "karaa bulchiinsi magaalaa beekun raawwatamuusaa hanga ammaatti wanti irra geenye jiraachuu baatus bifa adda addaatiin namootni dhuunfaa mootummaa keessatti gahee qaban dhimmicha keessaa harka qabaachuu isaanii qorannaan ni mul'isa" jedhan. "Inni waan jiruf lafti kun bara 2009 irraa eegalee qote bulaa irraa fudhatame malee namootni mootummaa keessa jiran harka keessaa qabaachuu baatanii hagana deemuu hin danda'u" jechuunis himaniiru.
oduu-48836203
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48836203
Moggaasa maqaa Oromoo durii hanga ammaa
Moggaasi maqaa Oromoo biratti hariiroo uumaa fi uumamaarratti hundaa'a jedhu qorattoonni seenaa Oromoo.
Hayyuun antirooppooloojii Dr. Gammachuu Magarsaa moggaasi maqaa Oromoo ganamaa karaa jaarmiyaa moggaasa maqaatiin, qaallichaan, raawwatamaa ture jedhu. Aadaa Oromoo Booranaa qorachuun barruulee adda addaa qopheessuun kan beekaman Aab Jaatanii Diidaa moggaasi maqaa Oromoo ganamaa hiree eebbaa fi finna daa'ima sanaa of keessatti hammata jedhu. Kan maqaan irraa jijjiirame eebballee, finnallee dhabeera jedhan. Namoonni gaafannes dhiibbaawwan siyaasaa, amantaa fi hanqina hubannootin maqaa akkaataa aadaatiin moggaasaa akka hin jirre dubbatu. Aadaa moggaasa maqaa Oromoo Akka Dr Gammachuu Magarsaatti Oromoon dur sirna dhugeeffannaa fi waaqeffannaa isaa irratti hundaa'ee maqaa baasa. Oromoon amantaa yaad-rimee raajiiwwan hawaa kana keessa jiran hubachuu fi dhugeeffachuurratti hundaa'e 'Astrotheology' [qorannoo waa'ee Waaqaa] qaba. Akka amantaa Oromootti guyyaan hunduu ayyaana waaqaa qaba. Sochiin urjii, ji'aa fi aduu moggaasa maqaa Oromoo keessatti gahee qabu. Ayyaana daa'imni tokko dhalate, addeessi eessa oolte, urjii kam waliin oolte kan jedhu ilaalameeti. Fakkeenyaaf yoo urjii Sorsaa wajjin oolte hiikaa mataasaa qabaata, yoo Ruudaa waliin oolte hiikaa biraa qabaata, kanneen biroos akkasuma. Kanaafuu, sirna amantiisaa irratti ijaarameerratti hundaa'uudhaan maqaa moggaasaa ture Oromoon jechuun falaasama moggaasa maqaa Oromoo duuba jiru ibsu. Dur ijoollee kan moggaasu warra osoo hin taane jaarmiyaadha. Keessumaa ijoollee hangafaa karaa sirna hammachiisaa Ayyaantuun guyyaa fi yeroo daa'imni sun irra dhalate ilaaluun moggaasa. Malee inni hawwiidhuma qabanirraa ka'anii moggaasan booda kana erga aadaan Oromoo dadhabaa dhufeeti kan dhalate. Waaqeffannaan Oromoo dhugeeffannaa uumaa Waaqaa keessaahuu kanneen akka urjii, addeessaa fi aduu irratti kan hundaa'edha. Daa'imni tokko yeroo gara lafaa dhufu haalaa fi yeroo sana bakka bu'a. Kanatu ilaalamee moggaafama ture jedhu Dr. Gammachuun. Daa'ima dhalatu qofa osoo hin taane yeroo gaa'ilaas maqaan ni mogga'a, sunis yeroo fi haala guyyaa sanaa hedata. Amantii Oromoo waliin walqabata jedhan. Aadaa Oromoo Booranaa qorachuun barruulee adda addaa qaopheessuun kan beekaman Aab Jaatanii Diidaa moggaasa maqaa Oromoo ilaalchisuun yaada Dr. Gammachuutti walii galu. Akka aadaa oromootti seerri uumamaa, maqaa lafaa ,kan namaa fi kan mukaa walitti hidheera. ''Fakkeenyaaf namni lafa tulluu jedhee moggaasa, Liiban jedhee moggaasa, mukti maqaan arooressaammoo Boorana keessatti maqaa gosaati, gosti arooressaa muka arooressaa hin muru hin gubu. ''Fakeenyaaf namni ayyaana arbaa dhalate arba hin ajjeesu, kanaaf maqaan callisee osoo hin taane uumaa fi uumama hunda walitti hidhee madaallii eegsisee kan moggaafamuudha, kun falaasama moggaasa maqaa oromoo ganamaa ture. ''Maqaa moggaasuun ayyaana oromoo digdamii torba waliin walqabata. Daa'imni dhalate ayyaanni inni keessa dhalanni maanni kan jedhu ilaalameeti,'' jedhan Aab Jaatanii Diidaa. Sirna gubbisaa Akka aadaa Oromootti daa'imni tokko hanga umurii dabballummaa keessa jirutti maqaa isa sirrii osoo hin taane kan warri fedhaniin waamama. Fakkeenyaaf Boorana keessatti namni tokko daa'ima dabballee sadi yoo qabaate sadanuu 'Jaldeessa' jedhee waamuu danda'a. Garuu daa'imni tokko wayita waggaa 8 ta'u sirna moggaasa maqaatiin maqaan seeraan inni ittiin waamamu moggaafamaaf. As keessatti daa'imnillee of beekeera waan ta'eef ni hirmaata. Kan biraammoo yoo akaakoon dabballee sanaa jiraatan sanitti moggaasu, kunis aadaadha. ''Warri maqaa baasan nama torba, torban jilaa jedhamu. Hunduu yaada kennu , isa booda kan daa'imni filates ilaalameetu walii galtee nama hundaatiin maqaan mogga'a. Booranni akkasiin moggaasa ture,'' jedhan Aab Jaataniin. ''Maqaan yeroo fi haalaan walqabatees moggaafama. Nama bona dhalate Bonayya jedhan, rooba keessa yoo dhalate Roobaa, barii yoo dhalate Barraaqo, galgala yoo dhalate Galgaloo baasan. ''An fakkeenyaaf wayita mana hin qabne, bakka dhibii qubannee turre keessa waanan dhaladheef Jaatanii naan jedhan. Bakkii fi haalli keessatti dhalatnis murteessaadha,'' jedhan Aab jaataniin. ''Maqaan wayita ba'u eebbaafi finna ykn diinagdee waliinillee walqabata. Boorana keessatti wayita maqaa baasan eebbaa fi loon kennuuf. Kanaaf wayita maqaa jijjiirtu eebballee dhabda.'' Dhiibbaa Amantii fi Siyaasaa Oromoon akka ofii beekutti akka hin jiraanneefi akka aadaasaatti akka hin bulle amantii fi siyaasatu hacuucaa ture jedhu Dr. Gammachuun. Amantiin Kiristaanaas ta'e Islaamaa erga biyya kana seenee Oromoon yoo amantiiwwan kanneen fudhate maqaasaas jijjiirrachuu qaba yaada jedhutu ture jedhan. ''Oromoon waan beeku akkaataa inni ittiin wallaalu akkasumas waan aadaasaa dagatee kan warra Kaabaa akka fudhatuuf siyaasi biyyattii keessa ture dhiibbaa irratti godheera. ''Mootoleen Itoophiyaa argaan dhageettii Oromoo badee seenaa ofii bocanitti ummanni Oromoo akka of dabalu hojjetaa turan.'' ''Namni aadaasaa hin qabne, seenaas hin qabu, kan Afaan isaa bades maqaa hin qabu, Kan maqaa hin qabnemmoo lafayyuu hin qabu, namni lafa hin qabnemmoo jiraatti du'a. ''Oromoo maqaa amantii fi siyaasaatiin akkas gochaa turan,'' jechuun dhiibbaa maqaa biraa moggaafachuun Oromoo irraan ga'e dubbatu Dr. Gammachuun. Warri amantii Oromummaatti buluu akka waan seexanatti buluu godhanii deebisanii Oromtichuma barsiisu. Kanaafuu erga aadaan sun haala kanaan cabee as oromoon ofis tuffatee maqaa ofiis tuffatee akka irraa jijjiirratu ta'e jedhu. Maqaan Oromoo doofummaa fi maqaan amantii ykn maqaan Amaaraa qaroomina akka waan bakka bu'uutti Oromootti fe'ani jedhan. Maqaa ofiin baafatan Dhiibbaawwan siyaasaa fi amantiitiin argaa fi dhageettiin aadaa fi seenaa Oromoo addaan citee turuunsaa ummanni Oromoo har'a akka burjaaja'u gumaacheera jedhu Dr. Gammachuun. Ummatichi aadaa moggaasa maqaa duraaniin gargar ba'ee waan tureef itti deebi'uun hedduu ulfaata. Wayita xiqqoo mataa olqabachaa dhufe garuu gara ofiitti deebi'uuf jedhee burjaaja'e. Maqaa ofii tolchee itti fayyadamuu eegale jechuun himu. Kanaaf yeroo ammaa maqaawwan ba'aa jiran kan hiika hin qabnee fi falaasama moggaasa maqaa Oromoo ganamaatiin kan wal hin argineedha jedhu Dr. Gammachuun. Aab Jaatanii Diidaa garuu sabboonummaa Oromootu maqaa namni ofiin moggaafatuf sababa ta'e waan ta'eef hanga hiika Afaan Oromoo qabaatetti jajjabeeffamuu qaba jedhu. Haala siyaasa baraa fi nama jajan duuka bu'uun maqaa moggaasuunillee jira, kunimmoo aadaa ganamaa keessaa ba'aa akka deemamu taasiseera. Fakkeenyaaf bara dargiin dhufe maqaan Oromoo gara Abiyot, Natsaannat, Andinnet…tti moggaafamuu eegale. Kun haala yeroo sanaatti of madaqsuuf waan ta'eedha jedhu. Haaluma kanaan bara mootummaa kanaas namoonni siyaasaa fi haala keessa jiraniin walqabsiisanii maqaa moggaasu. Fakkeenyaaf an wayitan mana hidhaati ba'etti maqaa mucaa kiyyaa Gammachuu jedhee moggaasurra Falmataa jedheen moggaase. Hiriyaan kiyyammoo sabboonaa jedheen, kanneen biroon ammo Eebbisaa, Gammadaa jedhanii moggaasuu eegalan jedhan. Boodarra ammo namoonni maqaadhuma Afaan Oromootiin hiika qabu garuu kan aadaa duraa waliin hin deemne baafachuu eegalan. Kan duraa uumaa f uumamaan walqabata, kan ammaa garuu namtolcheedha. Ta'us, garuu hanga afaan Oromootiin hiika qabaatetti kanuma wayya jedhu Aab Jaataniin. Kan amantii seenanii waan Afaan Oromootiin hiikaa hin qabne moggaasuurra kan hiika qabu wayya. ''Namoonni hedduun maqaa Arabootaa ykn kan Israa'eelotaa moggaafatu. Sanarra garuu namtolcheellee haa ta'u malee kanuma hiika Afaan Oromoo qabu wayyan jedha,'' jechuun himu.
oduu-46096157
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46096157
'Waanti uummata jalaa dhokatu hin jiraatu' Obbo Shimallis Abdiisaa, Itti-gaafatamaa Wajira Ministeera Muummee
Itti-gaafatamaa Waajira Ministeera Muummee kan turan Obbo Fitsuma Araggaa borirraa eegalanii bakka duraan hojjechaa turan Komishinii Invastimantiitti deebiyanii hojii isaanii kan eegalan yommuu ta'u Obbo Shimallis Abdiisaa ammoo bakka isaanii muudamaniiru.
Itti-gaafatamaa Waajira Ministeera Muummee duraanii Obbo Fitsuma Araggaafi kan amma bakka isaa bu'an Obbo Shimallis Abdiisaa Obbo Shimallis Abdiisaa Sadarkaa Ministiraatti Hoogganaa Waajira Ministira Muummee ta'uun muudaman. Obbo Shimallis akkaataa itti gafatamumma isaanitti kennameen, Waajira Pirees Sekireeteriyaati, Waajjira Madaallii Gahumsaafi Imaammataa, Waajira Gorsitoota Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaafi Waajira Ministira Muummee ni hoogganu. Haasawaa Itti-gaafatamtuu Pirees Sakiritaarii Aadde Biil-lenee yeroo beeksisanitti dubbii dubbataniin hawwaasni odeeffannoo sirriifi wayitaawaa ta'e bifa qindaa'een akka argatuuf Pirees Sakiriitariin kun ga'ee ol aanaa qabaata jedhaniiru. Dameen pireesii kun itti gaafatamummaa guddaa fudhatee hojii kanaan dura Waajira Dhimmoota Kominikeeshiniitiin hojjetamaa ture as giddu-galeessa godhachuudhaan guyyaa guyaan miidiyaalee waliin hariiroo gaarii uumuudha. "Akka kabajamoon Ministirri Muumichaa yerro darbe waadaa galanitti waanti dhoksamu tokkollee hin jiraatu." Waanti hundumtinuu ifatti odeeffannoon barbaachisan yeroo isaatti kennamaa haalli itti deemamu ni uumama. Kana irrattis isin waliin hojii haaraa waliin ni hojjenna jennee amannas jedhan Obbo Shimallis. Oduu Waajira Ministeera Muummee biraatiin, Waajirichi Pirees Sakiriitaarii akka haaraatti gurmeesse har'a ifatti hojii jalqabuu beeksiseera. Itti-gaafatamaan waajirichaa Obbo Shimallis Abdiisaa isa dura kan turan Obbo Fitsuma Araggaa galateeffataniiru. Yeroo dhiyottis caaseffamniifi itti gaafatamni akkasumas akkaataa adeemsa odeefannoo Pirees Sekiritarichaa irratti ibsi akka kennamu beeksisaniiru. Itti-gaafatamtuun Pirees Sakiriitaarii kanaa Aadde Biil-lenee Siyyum akka jedhanitti Dameen akka haaraatti waajira Ministeera Muummee jalatti gurmaa'e kun hojii waajira dhimmoota komunikeeshinii duraanii hafee gurmaa'ina haaraa kana jalatti hojjetama. Akka qaama hojiin ijoo Pirees Sakiriitaarii kanaattis, hojmaata haarawaa 'karoora fuula tokkoorratti' kan jedhu beeksiseera.
oduu-51499483
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51499483
Amantii fi Aadaa Oromoo: "Amantii kan biyya lafaaf tolchee kenne warra Kuushi"
Luba Dr Bantii Ujuluu Teessoo Lixa Oromiyaa magaalaa Dambidoollootti dhalatanii guddatan. Dambidoolloo fi Finfinneetti kan baratan namni amantaa kun Waldaa Kiristaanaa Makaana Iyyasuus keessatti lubummaa fi barsiisummaan akkasumas hojii adda addaan tajaajilaa turan.
Barnootaaf Afrikaa Kibbaa deemanii erga deebi'anii booda bara 1993 hanga 1997 pireezidantii Sinoodoosii waldaa kanaa turan. Bara 2002 maatii isaanii waliin gara Jarman kan imalan Luba Dr Bantii Ujuluu Teessoo wayita ammaa dure mana amantaa warra wangelaa Lutaraan kan biyya Jarmaniiti. Biyya Jarmanii keessatti luba gurraacha duree mana amantaa ta'an kan jalqabaati. Kiristaanummaa fi amantaa Oromoo jeebanaa 'Indigenous Oromo Religion' irratti qorannoo digirii sadaffaa kan hojjetan Dr Bantiin, yuunivarsitii biyya Jarmanii tokko keessatti ni barsiisu. Adoolessa bara darbe kora OSA'f wayita Finfinnee dhufanitti arginee dhimma aadaa fi amantaa irratti dubbisnee turre. Amantaa Warra Wangeelaa fi Oromoo Hariiroo amantaan warra wangeelaa ykn piroteestaantii fi Oromoon qabu kallattii lamaan ilaaluun ni danda'ama jedhu Dr Bantii Ujuluu. Amantaan kun kallattii tokkoon Oromummaadhaa fi Oromoo cimseera jedhu. "Abbaan Gammachis Afaan Oromootti wangeela hiikee, Afaan Oromoon wangeela lallabuun jalqabamuun Afaan Oromoo afaan waaqeffannaa taasise. Itti dabalees carraan barnootaa akka babal'atu taasise," jedhu. Yeroo duraaf bara 1904 sababa amantaa kanaan lixa Oromiyaa keessatti barnoonni ammayyaa akka eegalame dubbatu Dr Bantiin. Namoonni Adda Bilisummaa Oromoo ijaaruu irraa hanga hogganuutti gahee olaanaa qaban hedduun warra manneen barnootaa kana keessatti baratani jedhu. Akka fakkeenyaatti Baaroo Tumsaa, Luba Guddinaa Tumsaa, Obbo Leenco Lataa fi warren kaanis, "baratanii erga of baranii booda, eenyummaa isaanii gaafachuu, hacuuccaa Oromoorra gahaa ture qolachuuf carraaquu eegalani," jedhu. Gama kaaniin sababa amantaatiin manni yaalaa babal'achuus dubbatu. Abbootiin amantii akka Luba Dafaa Jamoofaa amma danda'ametti amantaa fi Oromummaa wal bira qabanii oofuuf yaalaa turani kan jedhan Dr Bantiin, yeroo keessa misiyoonotni yoo dhufan aadaa Oromoorratti dhiibbaa godhaniiru jedhu. Gadaa dabalatee aadaa fi duudhaan Oromoo akka laaffatu taasisaniirus jedhu. "Gara boodanaa ammoo aadaan Oromoo isheenumti hafte akka baddu sirbi cubbuudha, irreechi cubbuudha jechuun eegalame, kana wangeelli hin jedhu," jedhan. Kanaaf amantaan warra wangeelaa akka itti Oromoo fayyades miidhes qaba jedhu Luba Dr Bantii Ujuluu. Gadaa fi amantiin akkamiin araarama? Amantaan hundi aadaa saba keessatti dhalateen wal makatee ba'e kan jedhan Dr Bantiin "amantiin kamiyyuu aadaa irraa bilisa miti, kana sabni beekuu qaba" jedhu. Kana kan jedhan aadaan Oromoo fi amantaan Kiristaanummaa akkamitti araaramuu danda'a gaaffii jedhu wayita deebisanidha. "Gadaan deebi'ee haa ijaaramu gaafa jennu, akkuma ganna 500 dura turetti osoo hin taane, of haaressa. Gaarummaan Gadaa duruma irraa amala of haaressuu qaba." Yeroo haaressu kana akka waan hedduu of keessatti hammatutti ta'uu qaba jedhu. Gadaan dur mootummaa jiddugaleessaa hin qabu ture kan jedhan Dr Bantiin "kan jiddugaleessatti walitti qabu Abbaa Muudaa ykn Qaalluu ture" jedhu. "Yeroos amantii Waaqeffataa duwwaatu waan tureefi akkasitti hojjeta ture, amma garuu Gadaan haara'ee amantii kaaniifis iddoo kennuu qaba," jedhu. Kana gochuuf garuu amantiiwwan kunneenis waanti jijjiiruu qaban jira jedhu. Fakkeenyaaf "Irreechi cubbuudha yoo kan jedhan ta'e hin ta'u," jedhu. "Irreechi galateeffannaadha, warri Awurooppaas ni godhu, anis luba warra Awurooppaa ta'e nan godha," jedhan. Amantiin Oromoo itti fufiinsa amantii warra Kushi kan jedhan lubni kun, "amantii seexanaati jechuun dhaabbachuu qaba," jedhu. 'Ka KaNum' 'Waaqa kan uumu' Tutankhamun fi Ka, Osiris fuulduratti suuraa agarsiisu awwaalcha Tutankhamun keessaa kan argame Amantii uumuu kanarratti warra Kuush kan dursu hin jiru, "amantiidhumayyuu kan biyya lafaaf tolchee kenne warra Kuushi, isa kanaaf ragaa arkiyoolojiitu jira," jedhu. Waaqa kan jedhu matumti isaa jecha 'Ka' warra Kuush irraa dhufe jedhan. Barreeffamni 'Heerogiloofiksii' arkiyoolojiistonni Masrii keessatti argatan 'Ka Kanum' jedhu, ogeeyyiin kunneen osoo Afaan Oromoo hin beekiin, 'It is Ka who created' jedhanii Afaan Ingiliziitti hiikani jedhu. 'Ka Kanum' jechuun 'Waaqa kan uumu' jechuudha jedhan. Dur magaalotni yookin biyyoonni adda addatti Waaqa ofii isaanii qabu turan jedhu. "Teebis Meemfiis kan jedhamtu Kaayiroon har'a Waaqa tokko qabdi, Daandiraan Waaqa tokko qaba, Marawween Waaqa tokko qabdi ture, maqaa Waaqa sanaatiin biyyi sun bulaa ture." Yeroo duraatiif lakki Waaqni tokko jedhe yaad-rimee Waaqa tokkoo ykn 'Monotheism' jedhamu kan uume Fara'oon Akaneetaan nama jedhamudha jedhu. Kuni A.L.A'tti waggaa 1390 dura waan ta'e akka ta'es dubbatu. Ilmi nama Akaneetaan jedhamu kana bakka bu'e maqaan isaa 'Heeroogiloofiiksiin' yoo barreeffamu 'Tutankhamun' jedhama jedhan. Jecha kana arkiyoolojiistonni wayita Afaan Ingiliziitti hiikan, 'Tutankhamun' jechuun 'He who believes in mass' jechuudha jedhanii hiikani jedhu. Kana Afaan Oromootti yoo deebiste, TuTa KaMun' jechun 'Tuutaan kan amanu' jechudha kunimmoo Gadaadha jedhu. Yaad-rimeen Waaqa tokkicha jedhu amma addunyaan fudhatte kun achirraa kan dhufedha jedhu Dr Bantiin. Dabalataan yaad-rimeewwaan akka Waaqa, ilma-waaqaa, durbi dahuu, du'anii du'aa ka'uufi kanneen kana fakkaatan amantaa kiristaanaa keessa jiran dhugeeffannaa ykn 'mythology' warra Kuush keessaa fudhatamanii jedhu. Maskii warqee Tutankhamun Godambaa Masrii keessatti 'Waaqa miti namatu wal lole' Addunyaarratti wal waraansaa fi lola biyyoota akkasumas gareewwan adda addaa jidduu jiruuf irra jireessa sababa kan ta'u amantiidha. Kuni waan ta'uu hin qabnedha jedhu Dr Bantiin. "Waaqatu wal lole osoo hin ta'iin, namatu wal lola," jedhu. "Waaqni nama uume, namni ammoo akka itti Waaqa sana quunnamu uummate, sanatu amantii ta'e," jedhu. Amantiin hunduu hundeen isaa tokko, hunduu nagaa lallaba, garaagarummaa xiqqoo jirtu mariin furuun ni danda'ama waan ta'eef ka'umsa wal dhubdee ta'uu hin qabu jedhu. Waan ani itti amanu, waan ani beekutu sirriidha jechuu hin qabnu jedhan. Fakkeenyaaf "garaagarummaan amantii Oromoo fi Kiristaanummaa gidduu jiru waan guddaa ani qorannoo kootiin arge hin jiru," jedhu. "Waaqeffataan namni erga dhalate cubbuu hojjeta jedha, Kiristaanni ammoo namni cubbuu waliin dhalata jedha. Waaqeffataan du'a booda guyyaa firdiitu jira jedhee hin amanu, Kiristaanni garuu akkas jedhe amana." Kuni waan badaa irratti wal lolamu miti jedhan. Addunyaan akkamiin amantiin wal danda'ee waliin jiraata dubbi jedhutti jirti, sun Awurooppaa keessatti sirriitti hojjeteera. Afrikaa keessa garuu sababa hubannaan gahaan hin jirreef milkaa'uu hin dandeenye jedhan. Gaafa Afrikaan Kiristaanummaa fudhatu warri Awurooppaa Waaqa biraa waaqessaa turan kan jedhan Dr Bantiin, kanuma keenya fuudhani akka nuti ittiin wal lollu taasisani jedhu. Kuushi fi Itoophiyaa Luba Dr Bantii Ujuluu Kitaabni Qulqulluu biyya Jarmanitti wayita hiikamu jecha Itoophiyaa jedhu jecha Kush jedhuun bakka buusan jechuun komiin irratti dhiyaatee ture. Kitaabicha kan hiike warruma Jarmaniiti malee anaa miti jedhu Dr Bantiin. Jarri gaafa hiikkatan Itoophiyaa kan jedhu dur Kuush ture jedhanii Kuushitti deebisani jedhan. Sana akka waan ani harka keessaa qabuutti gabaafamee balaaleffannaa fi arrabsoon hedduun narra gahee ture jedhu. Dhugaan jiru garuu osoo warri Giriik jecha Itoophiyaa jedhu hin fayyadamiin dura Macaafa Qulqulluu keessatti Kuush jedhama ture jedhu. Itoophiyaa jechi jedhu walumaa galatti saba gurraacha ykn kallattiin yoo hiikamu 'uummata fuula gubataa' jechuudha kan jedhan Dr Bantiin, Itoophiyaanis Kuushis wantuma tokko ibsu jedhu. "Namni Itoophiyaa ofiin jedhu Kuush ofiin jechuu isaati, kan Kuush ofiin jedhus Itoophiyaa ofiin jechuu isaati garaagarummaa hin qabu," jedhan. Kuush Itoophiyaa qofa osoo hin taane guutummaa gurraacha Afrikaa walitti qaba jedhu.
oduu-48933082
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48933082
Haadholii Itoophiyaa qofaa ilmoo guddifachuu filatan
Dubartoonni sababawwan adda addaatiif qofaasaanii ijoollee guddifachuu danda'u. Abbaan warraa yoo irra du'e, yoo wal hiikan, fedhiin ala ykn dirqiiin gudedamuun kan dahan yoo ta'eefi sababawwan biroon qofaa saanii ijoollee guddifachuuf murteerra gahu danda'u.
Haa ta'u malee gama biraan ammoo dubartoonni itti yadanii osoo bultii hin ijaarratiin ilmoo godhatanii qofaadhuma jiraachu barbadanis jiru. Sadarkaa addunyaatti lakkoofsi dubartoota qofaa isaanii ijoollee guddisanii dabalaa jiraachuu qorannoon biyyoota adda addaatti gaggeeffame ni mul'isa. Afriikaa biyyoota akka Keenyaa fi Afriikaa Kibbaatti qofaa jiraachu (single mom) ta'un waan baramedha. Qorannoon lakkoofsi adda bahuu baatulleen Itoophiyaattis keessattu naannoo magaalaatti osoo hin heerumiin ijoollee godhatanii qofaa guddisuun baratamaa akka jiru himama. Ofii dubartoonni maaliif itti yaadanii qofaa isaanii dhalasaanii guddifachuuf filatu? ''Jireenya kiyyatti sarara diimaan kaa'e tokkotu ture. Sanirra darbuu waanan hin dandeenyeef jecha haadha qofaa jiraattu ta'eera'' jetti jiraattuun magaalaa Finfinnee maqaanshee akka hin eeramne gaafatte. Gaa'ilaaf kabaja akka qabdu kan hin dhoksine dubartiin kun, wanti jireenyasheetti yaaddu ta'uufii didnaan gaa'ila hin dhaabbadhu ejjannoo jedhurra akka geesse dubbatti. Garuu ammoo, qofaa ofii jiraachuu fi ilmoo guddisuun ta'uun mataansaa rakkoolee hedduu akka qabu dubbatti. ''Dubartiin tokko maatii ijaarrattuufi eenyummaa isheerratti murte dabarsitu qabdi. Murteen ishees haaluma jireenya jiraattuun addadha,'' kan jettu ammo mormituu nirga namoomaa kan taate Akliil Salamoon dha. Jireenyi dubartootaa hawaasa keessatti umuriin kan daangeeffame waan ta'ef, umurii sanatti gaa'ila dhaabbatanii dahu hin dandeenye taanaan akka waan jireenyisaanii badeetti ilaalamuun qofaa jiraachuuf madda tokko jetti Akliil Dubartiin osoo hin herumiin mucaa yoo deesse maqaa itti kennuun balaaleffatamti ture. Amma keessa haalli sun wal jalaan hafaa waan dhufeef dubartoonni qofaa daa'ima godhatanii guddifachuuf haamlee kenneefiras jetti. ''Kana dura dubartoonni hojii hin qabne dinagdeen hirkattoota ta'an daa'ima godhachuun qofaasaanii guddifachuun waan hin yaadamne ture'' ken jettu Akliil, dinagdeen dubartootaa fooyya'unsaa sababii qofaa jiraachuuf murteessuu kan biraati jetti. Akkasumas gaa'ila keessatti dubartoonni haala walqixa ta'ee kan hin ilaalamne yoo ta'an, miidhaan kan irratti raawwatu yoo ta'e, haalli jiru hunda kan dubartiif hin mijoofne yoo ta'ee qofaa jiraachuuf murteessu dandeessi jetti. 'Guddina waliin kan dhufe' Dubartoonni dinagdeen waan of danda'aniif akkasumas humni isaanii waan dabaleef mi'aa gaa'ila wallaalan namoonni jedhan danuudha. Akliil garuu ''humni dubartootaa cimaa dhufeera yoo jedhamu, itti gaafatamummaa isaan mana keessatti qaban osuma jiruu kan alaa itti daballee'' jechuun itti gaafatamummaa dacha dubartoonni qaban himti. "Dura dhiibbaa qofaa haadha ta'uun qabu hubachuun gaariidha. Qofaa jiraachunis dhiibbaa dachaa alaafi manatti isaan mudatu kan hir'isu miti." Haalli kun naannoo magaalaa tokko tokkootti aadaa ta'aa dhufeera, kan jedhan gorsaan saayikoolojii Obbo Mogas G/Maariyaam, haadholiin qofaa jiraataniifi gorsaaf gara isaanii dhufan jiraachu dubbatu. Oggeessi kun akka jedhanitti, haalli kun guddina waliin kan dhufeedha jedhu. Wayita dandeettiin diinagdee fi ofitti amanuun cimaa adeemu, xiyyeeffannaan haadha warraa fi abbaa warraas walitti dhufeenyarraa ta'uun hafee dinagdeerra qofa ta'u danda'a jedhu. Sababii kanaanis dubartoonni qofaa jiraachu filatu. Obbo Mogos qofaa jiraachuuf murteessuun dinagdee qofaa waliin walqabachu hin qabaatu jedhu. Dhimmichi miiraa fi yaada akkasumas seenaa dubartoonni dabarsan waliin kan walqabatudha. Dhiibbaa keessoo Oggeessi xiin-sammuu kun murtee namaa irra caalaan kan mo'atu haala keessooti jedhu. Haalli keessoo kunis haala alaatiin mul'achu danda'a. Fakkeenyaaf fedhii keessoo, ilaalchi, maatii, olla ykn dhiibbaan naannoon taasisu murtee keessoo irraa geessisu mala. ''Ilaalchi ofii kenyaaf qabnu kan eegamuun ol (super ego) yoo ta'e, waan hundaa ofii kiyyaan raawwachu waanan danda'uuf nama biraa na hin barbaachisu kan jedhutti adeemama." "Yoo haala madaalawaan qabachuun hin danda'amne gara qofaa jiraachutti adeemama'' jedhu. Dhiibbaa karaa alaa Akka Obbo Mogosiitti ilaalchi hawaasaa saala bu'urreefate haadha qofaa ta'uf dhiibbaa olaanaa qabaata. Miidhaa fi dhiibbaa irra gahu, sodaa fi jibba olaantummaa dhiiraa, fakkeenyawwan naannootti argaman ykn miidiyaan dhagahaman dubartoonni murte kanarra akka gahaniif ni taasisa. Gama biraatiin ejjannoon hawaasni dhimmicharratti qabu cimaa ta'u yoo baate dubartoonni waan barbaadan raawwachuuf carraa argatu. Eenyummaan mo'ataa wayita dhufu, wantoonni hin ta'an jennu baay'ataa dhufa. Walumaagalattis, dubartoonni ofiin jiraatan baay'ataa dhufuun attam duudhaan hawaasaa gadi bu'aa akka dhufe kan mullisuudhas jedhu. Dhiibbaa attamiitu haadholii qofaa ijoollee guddisan mudataa? Haati dubbifne akka jettuutti, ijoollee qofaa guddisuun dhiibbaa miiraa fi diinagdee olaanaa qaba. Dhiibbaan hawaasaa fi firootaan ijoolleerra gahus salphaa miti. ''Wayita ijoolleen dhukkubsatan naman ittiin mari'adhu dhabuun ulfaataa ta'uu hubadheera. Garuu ammoo jireenya haadholiin keenya obsaan dur jiraatanii darbaniin jiraachuu waanan hin dandeenyeef murtee kana murteesseera,'' jetti. Qorannoon dhiibbaa haadholii qofaa isaanii ijoollee saanii guddisan irra gahu ilaalchisee Afriikaatti baay'een hin hojjatamne kan jettu Akliil, miidhaansaa olaanaa ta'u himu. Dhiibbaawwan dubartoonni qofaa jiraatan ittiin miidhaman keessaayis: - Dhiibbaa dinagdee ni cimaa - Fayyina qaamaa, dhibee fi dhiphina dandamachuu - Tasgabbaa'uu dhabuu fi miiraa laafaa - Deeggarsi hawaasumma kan laafe ta'a jedhu. Abdii kutachuu, ko'ummaan itti dhagahamu, ofitti amanuu dhabuu fi rakkoolee kkf akka saaxilaman oggeessonni ni dubbatu. Abbaan ijoollees haaluma walfakkaatuun rakkinichaaf saaxilama. Miira balleessummaa, dhiibbaa hawaasummaa, qofummaan itti dhagahamu, gaabbii (ijoollee kiyyaaf kunuunsa barbaachisu hin taasifne) jechuun hubamu danda'u. Dhiiroonni waa'ee ijoolleefi gaa'ila diiguu ilaalchise, dubartoota caalaa mirrisaanii kan miidhamu ta'u oggeessi xin sammuu kun ni dubbatu. Dhiibbaa ijoolleerratti qabaatu maal? ''Keessattu ijoolleen guddachaa yoo deeman qofaa guddisuun rakkisaadha,'' kan jettu haati kun, garuu mana keessatti itti gaafatamummaa isaaniif qoduun jireenya isaanii keessatti gahee akka qabaatan taasisuun qormaata sana darbu dubbatti. ''Manni keenya paarlaamaa fakkaata. Waliin mari'atanii murteessuun raggaasifachuuf na bira dhufu. Waan hundaanu ni hirmaatu,'' jetti. Gahee abbaafi haati jireenya ijoollee isaanii keessatti qaban caalaa bara kana keessa dhiibbaan hawaasaa olaanaadha jetti Akliil. Fallaa yaadashe ammoo, Obbo Mogos ijoolleen gahee abbaa fi haadhaa argaa hin guddatiin rakkina xin-sammuu garaa garaatiif saaxilamu jedhu. Kanaafuu dhiphinaa fi rakkina qor-qalbii adda addaatiif saaxilamoota akka ta'an himu. Rakkinni akkasii kunis ijoollee dhiiraa caala ijoollee shamarranii miidha jedhu oggeessi kun. Ijoolleen dhiiraa rakkina amalaatiif saaxilamu. Haala jiru waliin walfakkaatanii jiraachuuf ni rakkatu. Kunis fiixaan bahiinsa barnoota, hojii fi hawaasumaasaaniirratti dhiibbaa taasisa jedhu. Akka Obbo Mogositti haadholiin qofaa ijoollee guddisan amala lama qabu. Inni duraa jireenya ijoolleesaanii keessaatti gahe gaarii qaban, kan jaalalaa fi kunuunsa gaarii kennaniif yoo ta'an, kanneen biroo ammoo kan ijoolleesaanii dagachuun jireenya saanii keessa hin galleedha. Haa ta'u malee ijoollee haala lamaaniinu guddatanis rakkina qor-qalbiitiif saaxilamunsaanii hin oolu. Kanneen baay'ee cinqamaniif ijoolleen miira hirkattummaaf akka saaxilaman taasisa. Kanneen haadha dhimma hinqabneen guddatan ammoo nageenya miiraa argachu qaban waan dhabaniifu rakkiina olitti eeramaniif saaxilamu jedhu oggeessi kun. Rakkina isaan mudana attamiin hiiku? Haadholee sababii gara garaatiif ijoolleesaanii qofaa guddisan, rakkoolee isaan mudatu ilaalchise attamiin dandamachu akka qaban oggeessi qor-qalbii kun ni gorsu. - Miiraa fi qaama fayyaa qabaachuu mirkanneessuu, - Walitti bu'iinsa keessoorraa bilisa ta'u, kan sodaatan yoo ta'e ijoolleetti akka hin dabarsine of eegganno taasisu. - Haaluma umurii isaaniin ijoollee waliin haala jiru ifatti mari'achu fi - Ijoolleen abbaa waliin wal arguu akka qaban amanuun carraa mijessuufiin haala salphisaafi.
oduu-43454504
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-43454504
Gosni Somaaliyaa murtii du'aa fi adabbii cimaan nagaa buusufi
Gosoonni Somaaliyaa lama haaloo ba'uf ajjeechaa raawwatu dhaabuuf waliigalan.
"Miseensi Paarlaamaa tokko namni qawwee poolisitti kennuu dide kallattiin ''mataa keessa dhahama'' jedhan Jaarsummaa torban sadiif qondaaltota Somaalilaand irraa dhufanin taasifamee booda gosoonni Somaaliyaa lama wal morkatan, Sa'ad Yoonis fi Ba'iido jedhamaniifi naannoo Sanaag jiraatan murtii irratti wali galaniiru. Ammaan achi, namni ajjeechaa haaloo bahuf ajjeechaa biraa raawwate murtii du'aatu irratti murtaa'a. Maatiin nama ajjeeses akka adabbiitti dolaara 100,000 ni kanfala. Gosoonni Somaali yeroo hedduu lafa margaa fi bishaan irratti waldhabu. Haa ta'u malee, ajjeechaa kanaan dura raawwate haaloo bahuf wanta raawwatamu dhaabsisuun rakkoo ture. Miseensi paarlaamaa Ahmad Baahir Mahmuud, murtiin amma irra gahan cimaa ta'us fala akka tahu amanu. ''Namni ajjeese ni ajjeefama, maatiin isaas dabarsani kennuu qabu.'' ''Yoo namni tokko lafa margaatti yookiin bakka boolla bishaanitti qawwee fidee dhufe poolisiin irraa fudhachuu qaba. Yoo kennuu dide yerooma sana mataa keessa isa dhahuu qabu.'' Gabaasni naannoo Somaalilaand fi Puntilaandin abbummaan irratti ka'u, Sanaag, akka ragaa bahutti waggaa darbe namoonni 23 ajjeefamaniiru. Yeroo gosoonni lama walitti bu'an gaafuma sana 65 kan ta'an immoo miidhamaniiru. Jalqaba waggaa baranaa miidhaa yeroosi deebisuuf jecha ajjeechaa haaloo bahuuf raawwaten 15 ajjeefamani 39 kan ta'an immoo miidhamaniiru. Waldhabdeen kanaan duraa beenyaan furameera. Garri caaluus, owwaalchaaf raawwate. Amma booda garuu, seerri itti furan jijjjiirameera. Hawaasa Somaali keessatti namni tokko ajjeechaa raawwate yoo miliqe, gosa isaatu gaafatama. Namoonni dhimma kana harka keessaa hin qabne waanuma goa sana keessa ta'anif haaloon irratti bahama. Sababa kanaaf, Somaalonni hedduu wanti akkanaa akka dhaabatuf murtee cimaa deeggaru.
oduu-48010824
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48010824
'Ya Burqaa Zimmitaa': Qeeqa Obbo Addisuu Araggaa fi deebii Tasfaayee Gabra'aab
Kora obbolummaa saboota Oromoo fi Amaaraa cimsuuf Dilbata magaalaa Ambootti qophaa'e irratti hariiroo obbolummaafi waliin jireenya uummataa dhimmoota miidhan irratti dubbiin hogganaan waajjira jiddugaleessaa ODP Obbo Addisuu Araggaa dubbatan ijoo dubbii miidiyaalee hawaasaa ta'eera.
Dhimma kanarratti BBC'f yaada kan kennan Obbo Addisuun wantoota hariiroofi waliin jireenya uummataa miidhan keessaa tokko "akkaataa seenaan itti seeneffamuufi teekniika barreeffamoonni tokko tokko ittiin barreeffamani" jedhu. Qeeqni isaanii kitaaba obbo Tasfaayee Gabra'aabiin barraa'e 'Ya Burqaa Zimmitaa' jedhu qofarratti osoo hin taane kitaabota kaan "uummanni seenaa kaleessaa qofa keessa, madaa kaleessaa hooqqataa akka inni jiraatu" taasisan hunda irratti akka ta'e dubbatu. Yeroo gahaa dhabuu irraa kan ka'e warra kaan osoo hin eerin akkasumas qeeqa kitaaba 'Ya Burqaa Zimmitaa' irratti qabanis haalaan osoo hin ibsiin hafuu isaanii himuu. Maal qeeqan? "Ani qeeqa kootiin wareegama Oromoon Aanolee irrattis tahe, dirreewwan lola adda addaa irratti kafalaa ture haaluu ykn xiqqeessee dhiyeessuu koo mitis" jedhan. Tasfaayeen kitaaba isaa kana keessatti walitti bu'iinsi yeroo darbee sun walitti bu'iinsa uummata lamaanii godhee dhiyeesse jedhu Obbo Addisuun. Lammaffaa Oromoon rakkina kaleessaa keessaa bahee, biyya kanaa ijaaruu keessatti qooda akka qabuufi uummata biyya kanaa waliin wal-qabatee deemuu keessatti qabiyyeen kitaabichaa rakkina akka qabun hubadhe jedhu. Qeeqni kun hubannoo dhuunfa akka nama kitaabicha dubbiseetti qaban akka ta'es himaniiru. Barreessaan asoosama 'Ya Burqaa Zimmitaa' Tasfaayee Gabra'aab dubbii Obbo Addisuu Aragggaa ilaalchisee BBC'f yaada kenneera. Dubbiin obbo Addisuun dubbatan dogogoradha jedha Tasfaayeen. Wal-dhabdeen saba Oromoo fi Amaaraa gidduu jira yoo tahe ka'umsi isaa kitaaba 'Ya burqaa Zimmitaa' miti jedha. "Rakkoon jira yoo tahe rakkinichi anarraa ka'a osoo hin taane, sababni isaa maali jechuun qoratanii furmaata itti kennuudha. Burjaajessuun akkasii laga nama hin ceesisu." "Saba Amaaraa fi Oromoo gidduu rakkoon jira ilaalcha jedhu hin qabu. Sirnootni darban miidhaan geessisan garuu jira. Kun ammoo barraa'uu qaba." Namoonni sirna darbe leellisan beekaniis tahu osoo itti hin yaadiin uummata Oromoo irratti wantoota jibbisiisoo akka dubbatan nan beeka kan jedhu Tasfaayeen, kana ammoo akka Oromoo tokkootti irratti nan qabsaa'a jedha. "Obbo Addisuunis madda rakkoo sabicha gidduu jiru akka nama barate tokkootti qorachuu qaba malee kitaaba seena qabeessa tokko qeequudhaan madda rakkinicha godhee kaa'uun rakkinicha haguuguun darba malee furmaata hin tahu" jedha. Qeeqa biraa Obbo Addisuun akka BBC'tti dubbatanitti kitaabichi wayita barreeffamu Tasfaayee Gabra'aab qondaala ADWUI ture. ADWUI keessatti kitaabichi haalaan leellifamaa ture kan jedhan Obbo Addisuun, "kitaabichi leellifamaa kan tureef quuqama ykn hoogii Oromoof akka hin taanes nan beeka" jedhu. Namootni dhunfaas ta'e kanneen yeroos qaama mootummaa keessa turan kitaabichi akka babal'atu barbaadan kitaabicha 'sponsor' gochaa akka turan quba qaba jedhu obbo Addisuun. Waa'ee kanaa gadi fageenyaan dubbachuu akka hin barbaadne nutti himani. "Maqaa koo gurraachessuuf jecha odeffannoo 'Wayyaanee'n tamsaasaa turedha deebise kan inni dubbate" jedha Tasfaayeen waan obbo Addisuun jedhaniif deebii yoo kennu. "Qaama mootummaa tahee kana dubbachuu isaaf nan gadda, garuu ejjenno mootummaati jedhee hin amanu," jedha. "Kitaabni kun yeroo maxxanfame rakkoo guddaan kan na mudate 'Wayyaanee' irraati, kanaafuu 'Wayyaanee'tu kitaabichaaf kaffalee maxxansiise jechuun hin danda'amu" jedha. "Sababa kitaaba kanaaf jedheen baqaaf saaxilame, kitaabichis akka hin dubbifamneef sassabamee gubamaaa ture" jedha barreessaa Tasfaayeen. "Tokkoffaa kitaabichi nama Hayyalom Araayaa jedhamu nama ejjennoo siyaasaa hin qabne, waraana keessatti qofa haala gaariin hirmaachuu danda'u godhee ibsa. Tokko kana mormu ture." "Gama biraan ammoo TPLF karaa OPDO harka wayyaa jalaan uummata Oromoo bitaa jira, faayidaa isaa balleessaa jira ergaa jedhu qaba." "Fakkeenyaaf Asoosama 'Ya Burqaa Zimmitaa' keessatti taatotni akka Hawwanii Waaqoo fi Aanolee Waaqoo kan dubbatan gaaffii uummata Oromoo isa sirrii dha, kanaaf 'Wayyaanee'n cimsee kitaabicha mormaa tureera" jechuun yaada obbo Addisuu mormu. Yeroo kitaabichi barraa'u 'Wayyaanee'n hin beeku ture kan jedhu Tasfaayeen yeroos gaazexeessaa 'Addis Zemen' kan turefi amma kan boqote Mokonnin Tolaa namoota isa deeggaraa turan keessaa tokko ta'uu hima. "Yeroo ani dukkana keessa taa'ee kitaabicha barreessu namootni 'Wayyaanee' waliin turan har'a ka'anii maqaa koo gurraachessuuf yaaluun isaanii taajjabbii malee bu'aa argatu jedhee hin yaadu" jedha. Ani waa'ee Oromoo kaniin barreessu waa'ee Oromoo gaddee ykn quuqamee osoo hin taane ani mataan koo Oromoo waanan taheefi jedha Tasfaayeen. "Bishooftuuttin dhaladhee guddadhe, maatii koo irraas kanan baradhe uummata Oromoo kabajuudha" jedha. Waa'ee Aanolee... Waa'ee harma muraa Aanolee barreessuudhaan ani nama jalqabaa miti jedha Tasfaayeen. "Pirofeesar Abbaas Ganamoo barreessera. Oromootni Arsii seenaa harma muraa Aanolee ilaalchisee harmi akaakilee ykn abaabilee isaanii irraa muramuu yoo gaafatte har'a iyyuu sitti himu." Kana Obbo Nagaasoo Gidaadaa fa'a, Obbo Bulchaa Dammaqsaa fa'aa hin haalle. Seenichi soba miti. Seenaan dhugaa tahe hundi ammoo barraa'uu qaba jedha. "OPDO'n Siidaa Harma Muraa Aanolee yeroo dhaabe odeeffannicha eessaa fideeti? Ani achi tureeraa? Addisuu Araggaa fa'aa miseensa hin turree yeroo siidichi dhabbatu? Akkamitti har'a gara kootti galagale jechuunis gaafata. "Kitaaba Tasfaayee irratti qeeqni ani kaase, wanti kitaabicha keessatti barraa'e hundi soba yaada jedhu hin qabu" jedhu Obbo Addisuun. Akka fakkeenyaatti waa'ee Aanolee ani waanan dubbadhe hin qabu jedhan. Gootonni Oromoo humna gita bittaa ofirraa deebisuuf jecha gootummaa guddaan qabsaa'aa turaniiru, wareegama qaaliis kafalaniiru jedhu aanga'aan kun. "Har'a as gahuu keenyaaf abbootii keenya harkaafi harmi isaanii murame, warra lolanii falmanii Oromummaa tursanii asiin gahanitu akka dhaabbannee deemnu nu taasise" jedhu. Walumaagalatti qeeqni isaan kitaaba Tasfaayee irratti dhiyeessan akki kitaabichi itti seeneffame hariiroo uummata lamaanii miidha kan jedhuufi Oromoo seenaa kaleessa qofa keessa akka jiraatu taasisa kan jedhu akka ta'e himu. Wareegamaafi seenaa Oromoo xiqqeessuuf yaada akka hin qabnes dubbatu Obbo Addisuun. Dubbii Dhiifamaa… Yaadni koo dogoggoraan na jalaa hubatameera kan jedhan obbo Addisuun, "yeroo gahaa fudhadhee waan sana sirritti ibsee hubachiisuu dadhabuun koo dogoggora" jedhaniiru. "Inumaayyuu fakkeenya falmisiisaa akkasii kaasuunis narra hin turre, kana irraa baradhee gara fuulduraatti nan sirreessa" jedhu. "Akkaataa namni itti na hubatee, sadarkaa kanatti muffii uume kanaaf dhiifama gaafachuun qaba," jedhu. Dogoggorri isaanii yaada ofii guutummaatti hubachiisuu dadhabuumoo wanti jedhan matumasaatti dogoggora ta'uu ilaalchisee "madaallii isaa uummataafan dhiisa" jedhu. "Namooti fedha gara garaa qaban garuu garaagarummaa siyaasaa jiru bal'isanii akka nama dhunfaattis nama miidhuuf duula narratti bananii jiru, kuni na ijaara jedhee hin yaadu" jedhu. Dhimma siyaasa Itoophiyaa irratti kitaabaa haaraa dhiyootti maxxanu qopheessaa akka jiru BBC'tti kan hime Tasfaayeen, Feesbuukiis tahe miidiyaalee biroo fayyadamaa akka hin jirre garuu maqaa isaatiin wantootni hedduun barraa'aa jiraachuu dubbata. Gaaffiif deebiin BBC'f kenne kun illee erga yeroo dhiyoo as kan jalqabaati jedha.
oduu-54051809
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54051809
Hundaa'uu Naannoo Sidaamaa, diigamuu ADWUI fi kanneen biroo: Taateewwan ijoo bara 2012'tti Itoophiyaatti raawwatan
ALI bara 2012'tti Itoophiyaatti wantoonni ijoo hedduu biyyattii waltajjii miidiyaalee idil- addunyaarratti gama gaariitinis ta'e faallaan kaasan raawwataniiru.
Barri lakkoofsa Itoophiyaa bara 2013 seenuuf guyyoonni muraasni hafu sababa godhachuun dhimmoota ijoo bara 2012 raawwatan isin yaadachiisuuf gabaasa kana qindeessineera. Dhimmoota ijoo jalqaba bara 2012 keessatti raawwatan keessaa tokko Irreecha Finfinneeti. Irreechi Finfinnee waggaa dheeraa booda yeroo jalqabaaf kan kabajamedha. Haala haawwataa ta'en kan kabajame sirna aadaa kana irratti saboonniifi sab-lammoonni bakkeewwan Itoophiyaa garaa garaaraa dhufanis hirmaataniiru. Gama kaaniin, bara 2011 sababoota garaa garaan kan taasifamuu dhabe lakkoofsi ummataa bara 2012 keessa ni raawwata jedhamus yeroo sadaffaaf yeroo biraatti darbeera. Kana dura rakkoo nageenyaan bara 2012 keessammoo sababa weerara koronaavaayirasiin osoo hin taasifamiin hafe. Ummanni Itoophiyaa yeroo xumuraaf waggaa 14 dura lakkaa'ame. Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa hundeeffama Mana Lubummaa Oromiyaa kuffisuun lubummaan hundeessitootaa qabu kan murteessees waggaa bara 2012 keessa ture. Balaan lolaa lammiilee kuma dhibbaan lakkaa'amanirra gaaga'ama olaanaa dhaqqabsiisees ganna bara 2012 keessadha. Mootummaan sababa lolaan lammiileen miiliyoona 2 ol miidhamu danda'u jechuun ibsee ture. Dhimmoota ijoo kaan raawwatan gabaabinaan haa ilaallu. Ajjeechaa barattoota yunivarsiitii Yunivarsiitiiwwan barumsa eegalanii osoo hin turin ture ajjeechaan sukaneessaa dhagahamuu kan eegale. Keessumaa yunivarsiitiiwwan Naannoo Amaaraafi Oromiyaa jiran muraasa keessa gochi kana dura hin baratamne raawwateera. Ajjeechaa raawwate hordofee barattoonni bakkeewwan adda addaatti mormii dhageessisuufi poolisiitti bu'aa turan. Barattoonni kuma hedduutti tilmaaman immoo sodaa kanaan barumsa dhiisanii maatiitti galuu isaanii Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanoo ibseera. Yunivarsiitiiwwanis barattoota hookkara uuman jechuun shakkan barnootarraa waggaa 1fi 2'f dhorkuu eegalee barnoottati akka hin deebinellee murteessaniiru. Poolisiin barattoota badii kanaan shakkeerratti meeshaalee adda addaa, akkasumas qarshii guddaa argachuu ibseera. Ajjeechaawwan garaa garaa kanaaf mootummaan dhaaba Naannoo Tigraay bulchu irra deddeebiin himatus, dhaabichi kana ni balaaleeffata. Boodarra dhaabbileen siyaasaa rakkoon akkanaa calaqqee siyaasaati jechuun, keessumaa paartileen Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa sosso'an akkasumas rogeeyyiin marii taasisaniiru. Walumaa gala, taate kanaan barattoonni 10 ol haala garaa garaan lubbuu dhabaniiru. Jawaar 'marfamuu' isaa ibsuu Rogeessi beekamaa akkasumas yeroos daarektara olaanaa OMN kan ture Jawaar Mohaammad baatii Onkololeessaa keessa ture 'marfamuu' isaa ibsuun fuula fesbuukii isaarratti kan barreesse. Kana hordofee deeggartoonni isaa nageenya isaaf yaadda'an mana jireenyaa isaa akkasumas magaalota Oromiyaa garaa garaatti daanditti bahuun mormii ibsaniiru. Jawaar humnoonni nageenyaa eegdota mootummaan ramadeef 'halkan keessa humnaan' fudhachuuf akka yaalan hime. Poolisiin Federaalaa ajaja akkanaa hin kennine jechuun himannaa Jawaar balaaleeffata. Mormiin daandiitti bahame garuu hookkaratti jijjiiramuun namoonni gareedhaan, amantiifi sabaan walitti gara galuun yoo xiqqaate namoonni 97 akka ajjeefaman poolisiin ibseera. Ajjeechaawwan gara caalu namoonni walitti gara garuun kan raawwatanidha kan jedhe poolisiin, muraasni kan lakkoofsaan hin ibsamne harka humnoota nageenyaa jalattis ajjeefamuu ibseera. Ajjeechaa sukaneessaa raawwateen alatti qabeenyi guddaas manca'eera. Yeroo kana manneen amantii Kiristaanaafi Islaamaarratti haleellaan xiyyeeffate mul'ateera. Ajjeechaan yeroosi saba tokkorratti xiyyeeffate jechuun hirmannaa ka'e hordofee MM Abiy Ahimad eenyummaa saba namoota ajjeefamanii lakkaa'un amantiifi sabaan ummataaf ibsaniiru. Rakkoo yeroos raawwaterratti garuu qaamni gaafatamees ta'e himatame hin jiru. Jawaar MM Abiy waliin dhimmicharratti akka mari'atan ibsuun ala waan ibsame hin jiru. Taatee kana booda Jawaar Mohaammad siyaasa paartii keessa akka seenu ibsuun filannoorratti akka hirmaatu beeksise. Paartii KFO seenuun paasportii US deebisuu isaa kan ibsees kana booda ture. Sidaamaa - Naannoo 10ffaa Godinni Sidaamaa Naannoo Sidaamaa ta'uun naannoo kudhanaffaa Itoophiyaa ta'un kan galmoofte bara 2012 ture. Rifarandamii baatii Sadaasa keessatti taasifame jiraattonni godinichaa sagalee olaanaan kan deeggaran yoo ta'u gammachuu guddaanillee simatan. Haa ta'u malee, naannichi ji'oota shan olif hin hundoofne ture. Godinichi qabsoo waggaa dheeraa booda naannoo ta'un garuu saboota kaan naannoo Kibbaa keessa jiran gaaffii walfakkaataa akka kaasan taasiseera. Bakkeewwan sababa kanaan wal dhibdeen dhalates ture. Hireen gaaffii naannoo godinoota kaanii qorannoon kan murtaa'u akka ta'e mootummaan ibseera. Dhiheenya qondaaltonni Godina Walaayittaafi kaan mariirra turan hidhamuu hordofee namoonni 20'tti siqan ajjeefamun ni yaadatama. Badhaasa Nobeelii MM Abiy Lammiin Itoophiyaa badhaasa Nobeelii Nagaa yoo injifatu Ministirri Muummee Abiy Ahimad kan jalqabaati. MM Abiy sababni ijoo badhaasicha argatan araara Ertiraa waliin waggaa 20 booda Itoophiyaan buufte, gahee araara Sudaan keessa taasisan, nageenya Bahaa Afrikaa keessatti gumaachaniifi jijjiirama biyya keessa taasisanidha. Badhaasa booda yoo biyya gahan 'simannaan gootaa' kan taasifameef yoo ta'u lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman gammachuun simataniiru. MM Abiy erga badhaasicha fudhachuun Norweeyi biyyatti deebi'anii booda pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Finfinneetti affeeruun badhaasicha waliin kabajaniiru. Haa ta'u malee, badhaasichi beekkamtii qofa osoo hin taane dirqamallee itti kenneera. Ergasii taateewwan biyya keessa raawwatan walqabatee yoo qeeqaman badhaasichi walumaan ka'a. Inumaa boodarra badhaasichi akka irraa mulqamu gaafachuun kanneen xalayaa Koree Nobeeliitti ergan turani. Koreen kuni ibsa baasen badhaasni takkaa fudhatame akka hin deebineefi namoonni badhaasicha deeggaruunis ta'e mormuun xalayaa akka itti ergan ibsee ture. Diigamuu ADWUI fi hundeeffama Badhaadhinaa MM Abiy saffisaan ADWUI diigu kan beeksisan baatii Sadaasa keessa ture. Dhaabni Naannoo Tigraay bulchu garuu kana cimsee morme. Paartiin Badhaadhinaa ABBUT [TPLF] malee dhaaba naannolee saddeet bulchaa jiran hammatee hundaa'uf yeroo dheeraa duraa hin fudhanne. Wantoota haaraa dhaabni ADWUI diigamee hundaa'e fide keessaa paartilee naannolee biraa duraan dhiibamanii turan ofitti makuun ala afaanota shan afaan hojii dhaabichaa gochuu isaati. Haa ta'u malee, qeeqxonni MM Abiy paartiin haaraa 'naannolee diiguufi, federaalizimii balleessuufi' jechuun qeeqa cimaa irratti dhiheessu. Dhaabichi garuu kana ni balaaleeffata. Gaaffii ummataa yeroo dheeraaf ture deebisuufi 'federaalizimii dhugaa' hojiirra oolchuuf ADWUI diiguun barbaachise jechuun dhaabichi ibseera. Haa ta'u malee, yeroos Dura taa'aa Itti - aanaa ODP kan turan Obbo Lammaa Magarsaa akkaataa hundeeffama dhaabichaarratti komii akka qaban ibsuun ni yaadatama. Erga MM Abiy aangotti dhufanii as siyaasa Itoophiyaa keessaa olaantummaa kan dhabe dhaabni Naannoo Tigraay bulchu, ABBUT, ADWUI'n diigamuu isaatti mufii guddaa ibse. Ergasii waldura dhaabbannaan mootummaa federaalaafi naannoo Tigraay gidduu hammaate. Achii buutee baratootta Yunivarsiitii Dambi Dolloo Dhimmoota waggaa darbe ajandaa ta'aniifi ammallee dhimmi isaanii ifa hin taane keessaa tokko waa'ee barattoota Yunivarsiitii Dambi Dolloo badan jedhamaniidha. Baatii Sadaasaafi Mudde keessa barattoonni Yunivarsiitii Dambi Dolloodhaa osoo bahanii butaman jedhaman ammallee bakki jiran hin beekamu. Maatiittis hin galle. Waraanni mootummaa bosona sakatta'uun akka dhabe ibseera. Dhimma kanarratti MM Abiy Ahimadis dubbii Paarlaamaa keessa taasisaniin dhimmichi waan ifa hin taane akka qabu ibsaniiru. Eegasii dhihoo kanneen barattoota butan jedhamanii shakkaman shororkessummaan himatamanii dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamaa akka jiru gabaafameera. Oppireeshinii Lixaafi Kibba Oromiyaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa rakkoo nageenyaa Lixaafi Kibba Oromiyaatti mudate furuuf garasitti erga ergamee waggaa lamaaf deema. Rakkoon nageenya bulchiinsi amma aangorra jiru osoo aangotti hin dhufin bakkeewwan kanatti dhalate yeroo dheeraaf kan tureefi, jiraattota rakkoo guddaaf kan saaxiledha. Jiraattonni harka hidhattoota kana dura ABO jala turaniifi bosonatti hafan akkasumas waraana mootummaa nageenya kabachiisuuf bakkas sosso'e gidduutti rakkatuu himu. Kana bu'uura godhachuun mootummaan baatii Amajjii eegalee torban 12'f bakkeewwan hedduu Lixa Oromiyaatti intarneeta akkasumas bakkeewwan gama Lixaan tajaajila bilbilaa kutee ture. Yeroo dheeraaf waan ta'a ture baruun rakkisaa ture. Boodarra mootummaan hidhattoota bakkeewwan Lixaafi Kibba Oromiyaatti sosso'an 'balleessuuf' oppireeshinii gaggeessaa akka ture himeera. Kanaanis, milkaa'u ibsuuniifi rakkoon nageenyaa furamuu kan ibsanimmoo pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakkeewwan kanneen daawwatanidha. Yeroo mootummaan oppireeshinii gaggeessuusaa ibse ajjeechaan namoota nagaa gabaafamuus mootummaan namoonni nagaa hin ajjeefamne jechuun hima. Jiraattonni lola baqanne jedhanimmoo gara Gambeelaafi B/Shaangul baqataniiru. Hidhattoonimmoo faallaan tarkaanfii waraana mootummaa badiin irraan gahe akka hin jirre dubbatu. Haa ta'u malee, darbee darbees ta'u haleellaan qondaaltota mootummaa, jaarsolii biyyaa, jiraattota nagaafi kaan irratti gahaa tureera. Ajjeechaa qondaaltota mootummaafi namoota nagaaf mootummaan hidhattoota himata, isaan garuu ni balaaleeffatu. Obbo Lammaa waliin adda bahuu MM Abiy Obbo Lammaafi MM Abiy yeroo dheeraaf hogganaa mootummaa ta'un dalaganis xumura bara bulchiinsa ADWUI yeroo mormiin ummataa cimetti ture kan ummatatti ifatti beekamuu eegalan. Obbo Lammaan Pirezidantii MNO fi Dura Taa'aa Paartii DHDUO (boodarra ODP fi PB'tti jijjiirame) ta'anii MM Abiy immoo Itti- gaafatamaa waajjira dhaabaa ta'anii waliin dalagan. MM Abiy gara aangoo amma jiranitti akka dhufan gaheen Obbo Lammaa olaanaadha - Obbo Lammaan miseensa paarlaamaa waan hin taaneef MM Abiy dura taa'aa dhaaba ODP akka ta'an taasisan. Erga MM Abiy Ministeera Muummee ta'an booda Obbo Lammaa waliin walitti dhiheenyaan dalaganis boodarra waldhibdeen dhalachuu eegale. Keessumaa waldhibdeen kuni hundeeffama dhaaba paartii haaraa MM Abiy hundeessaniifi ilaalcha 'Ida'amuu' MM Abiy dhiheessanin akka hammaate himama. Obbo Lammaan ilaalcha 'Ida'amuu' fi hundeeffama Paartii Badhaadhinaarratti mufii qaban miidiyaatti ibsaniiru. Ergasii waliin dalaguuf akka waliigalan ibsamuus isaan as bahanii dhimmicharratti hin dubbanne. Ji'a torba boodammoo, baatii Hagayya keessa dhaabni Badhaadhinaa kan isaan Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu akka ta'an gabaafame keessaa akka ittise ibse. Dhaabichi konfiransii yeroo jalqabaaf sadarkaa Oromiyaatti taasiseen 'dirqama isaanii hin baane' jechuun akka isaaniifi qondaaltota biroo lama ittisu ibse. Kuni ta'e torban tokko booda Ministira Raayyaa Ittisaarraa kaafamaniiru. Kaayyoon fuulduraa Obbo Lammaa ammatti hin beekamu. Weerara Koronaavaayirasiifi filannoon achi darbuu Weerarri koronaavaayirasii addunyaa akka hin taane godhe walakkeessa bara 2012 ture caalmaan biyyoota garaa garaatti kan tamsa'e. Itoophiyaa keessa vaayirasichi yeroo duraaf nama lammii Jaappaan irratti erga argame as yeroo ammaa biyyattiin biyyoota Afrikaa lakkoofsi namoota Covid-19'n qabaman baay'ee qaban keessaa tokkodha. Sababa vaayiraasichaan walqabatee yeroo biyyoonni hedduu balalii xiyyaaraa dhaaban xiyyaarri Itoophiyaa yeroon imala dhaabuu dhabun dhimmoota gurguddoo ijoo dubbii ta'an keessaati. Paarlaamaan Itoophiyaan baatii Ebla keessa ture labsii yeroo muddamaa ji'a shaniif turuufi tatamsa'ina weerara koronaavaayirasii to'achuufi miidhaasaa xiqqeessuf mana maree ministirootaan bahe kan raggaasise. Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa 6ffaa baatii Hagayyaa bara 2012 keessa adeemsisuuf karoorsite. Haa ta'u malee, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa sababa weerara koronaavaayirasiin qophii filannoo adeemsisuu akka hin dandeenye ibse. Dhimma kana irratti kan mari'ate paarlaamaan Itoophiyaa yaada Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhiheesse raggaasisuun filannoon yeroo biraaf akka darbu ta'e. Kana hordofees Manni Maree Federeeshinii filmaata afur weerara kana keessa filannoo gaggeessuun danda'amu irratti erga mari'atee booda turtiin aangoo mana maree hunduu akka dheeratu murteesse. Dhaabbilee siyaasaa kana morman garuu 'furmaata siyaasaa' dhiheessaa turan. Mootummaanimmoo 'furmaanni siyaasaa' paartileen jedhan aangoo qooduudha jechuun mormeera. Akka heera biyyaatti, maddi aangoo filannoodha jechuun filannoo malee aangoo qooduun hin danda'amu jechuun yaada paartileen mormituu dhiheessan morme. MM Abiy yeroon dabalataa Manni Maree Federeeshinii mootummaaf kenne 'nageenya ummataafi'' jechuun ibsanii turan. ABO, KFO, akkasumas Addi Bilisa Baasaa Ogaaden aangoon mootummaa dheerachuu yoo morman dhaabni ABIN fa'i aangoon mootummaa akka dheeratu kanneen akka deeggaran ibsan keessaati. Gama kaaniin, dhaabni Naannoo Tigraay bulchuummoo filannoon sababa weerara koronaavaayirasiin dabarfamuu hin qabu jechuun morme. Aangoon mootummaa dheerachuu Manni Maree Federeeshinii murteessuuf guyyoonni muraasa yeroo hafanitti ture Af - yaa'iin mana marichaa Aadde Keeriyaa Ibraahim fedhiin aangoo gadhiisuu kan ibsan. Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftu TPLF Aadde Keeriyaan 'heerri mootummaa yeroo diigamuu ilaaluu waanan hin barbaanneef aangookoo gadhiiseera' jechuun dubbatan. Filannoo 'heeraan alaa' Naannoo Tigraay Mootummaan Itoophiyaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaalessaa taasisuu akka hin dandeenye ibsuun filannoon yeroo ifatti hin beekamneef yeroo biraatti darbeera. Siyaasa mootummaa giddugalaa keessaa olaantummaa isaa kan dhabeefi bulchiinsa MM Abiyyiin mufachuu kan ibsu dhaabni TPLF garuu baatii Waxabajjii keessa addatti filannoo akka gaggeessu beeksise. Dhimmi kuni mootummaa federaalaa fi naannicha gidduu muddama garaa garaa fideera. Mootummaan federaalaa filannoo taasisuun 'heeraan ala' jedhus naannichi 'filannoo gaggeessuu seerri na dhorku hin jiru' jechuun ibsa. Dabaluunis, Badhaadhinatu seeraan ala jechuun himata. Naannoon Tigraay filannoo akka isaaf raawwachiisu Boordii Filannoo Biyyaalessaatti barreessuun gaafatus boordichi 'seera qabeessa miti' jechun ibse. Ergasii Naannoon Tigraay seera filannoo akkasumas komishiniin filannoo raawwachiisu hundeessuun weerara koronaavaayirasii keessatti Qaam'ee bultii 04, bara 2012 filannoo gaggeessuuf yaadeera. Manni Maree Federeeshinii walgahii atattamaa Hagayya 30, 2012 taa'een garuu seerri filannoofi seerri komishinii filannoo naannichi baase heera biyyaa dhiiba jechuun filannoon taasifamu 'heeraan ala' jedheera. Dabaluunis, 'filannichi akka hin gaggeeffamnetti ilaalama, hojiirras hin oolu' jedheera. Filannoon naannichi addatti gaggeessu seenaa federaalizimii Itoophiyaa keessatti kan jalqabaati. Dhaabni TPLF mirga dimookiraasii ibsuun filannoo akka gaggeessaa jiru ibsuus xiinxaltoonni filannootti cichuun naannichaa waldhibdee siyaasaa dhaabni TPLF Badhaadhina waliin qaburraa madda jechuun ibsu. Ajjeechaa Hacaaluufi isa booda wanta raawwate Artist Hacaaluu Hundeessaa baatii Waxabajjii keessa magaalaa Finfinneetti ajjeefame. Haa ta'u malee, hanga yoonaa sababni ajjeechaan raawwatef hin baramne. Kanneen ajjeechaa raawwachuun shakkaman sadii kan to'ataman yoo ta'u dhimma isaanii manni murtii ilaalaa jira. Shakkamtoonni sadii to'ataman ajjeechaa raawwachuu isaanii akka amanan poolisiin ibsuun ni yaadatama. Ajjeechaa weellisaa jaalatamaa kanarratti raawwate gadduun deeggartoonni isaa magaalota garaa garaatti daanditti bahuun gadda ibsaniiru. Haa ta'u malee, magaalaa Finfinneefi bakkeewwan Oromiyaa muraasa Arsii Lixaa, Arsii, Baaleefi bakkeewwan muraasa birootti mormiin hookkaratti jijjiiramee lubbuun namoota 180'tti siqu darbeera. Qabeenyi guddaas kan mootummaa, kan dhuunfaafi kaan manca'eera, gubateera, akkasumas saamameera. Mootummaan haleellaan sabaas ta'e amantii hin raawwanne jedhuyyuu jiraattonni haleellaan addatti isaanirratti xiyyeeffate akka raawwate ibsu. Mootummaan hin fudhu jedhus Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoollee halleellaan hordoftoota amantichaarratti xiyyeeffate raawwatu ibseera. Komishiniin Itti -aanaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Komaandar Girmaa Galaan garuu kana dura ajjeechaa Hacaaluu hordofee bakkeewwan haleellaan amantiirratti xiyyeeffate raawwate jiraachuu BBC'tti himanii turani. Ajjeechaa Hacaaluu booda qondaaltonni siyaasaa beekamoo, kanneen daanditti bahan, gaazexeessitoonni akkasumas kaan 9,000 ol ta'an to'annoo poolisii jala oolaniiru. Miseensonni poolisii, qondaaltonni mootummaafi kaan 'itti gaafatama isaanii hin baane' jedhamuun shakkamaniis to'atamuu poolisiin ibseera. Hidhaan ala miidiyaalen saba walitti buusan jedhaman irratti tarkaanfiin fudhatameera. Lammiileen biyya alaa jiranimmoo ajjeechaan Hacaaluu qaama walabaan akka qoratamu jechuuniifi namoonni to'ataman akka gadhiifaman gaafachuun walitti fufinsaan hiriira gaggeessaa turan. Bakkeewwan fakkeenyaaf Landaniifi Beerliinitti hojii imbaasiiwwan Itoophiyaa danqanis ture. Kanaanis, mootummaan Itoophiyaa mufachuu isaa ibseera. Qeeqxonni tarkaanfiin bulchiinsa MM Abiy ajjeechaa Hacaaluu booda fudhate dirree siyaasaa dhiphisa jechuun kanneen hidhamanis ilaalcha siyaasaa isaaniif hidhaa seenan jechuun himatu. Qondaaltonnimmoo kanneen hidhaman yakkaan akka shakkaman ibsuun, namni seeraa ol ta'u hin jiru jechuun himu. Shakkamtoonnis wantoota itti shakkaman balaaleeffatu. Baatii Hagayya keessa mormiifi hookkara kanneen hidhaa seenan haa hiikaman jedhu bakkeewwan Arsii Lixaafi Harargee Lixaatti taasifameenimmoo lammiileen 10 ol ajjeefamuun ni yaadatama. Poolisiin wanti taasifame hiriira miti hookkara jechuun tarkaanfiin fudhatame 'madaalawaadha' jechuun ibseera. Kanneen daanditti bahan harka qullaa akka ta'an ibsu, ta'us poolisiin bakkeewwan haleellaan polisiirratti raawwate jira jechuun ibsa. Dhaabbileen mirga namoomaammoo namoonni siyaasaa himannaa malee yeroo dheeraaf to'annoo poolisii jala turuun isaanii sirrii akka hin taane himuun komii ibsaniiru. Hidhi Abbayyaa guutamuu Wantoota ijoo Itoophiyaan bara 2012 milkaa'inaan xumurte keessaa tokko Hidha Laga Abbayyaati. Mariin yeroo dheeraaf itti fufe xumuramuu dhabus ganna kana yeroo jalqabaaf seenaa keessatti Itoophiyaan Abbayya hidhu dandeesse. Haa ta'u malee, biyyoonni ollaa kanneen akka Sudaaniifi Masrii garuu tarkaanfii Itoophiyaa kanaan hin gammanne. Ameerikaan kanarraa ka'un deeggarsa maallaqaa Itoophiyaaf taasistu hanga dolaara miiliyoona 100 (birrii biiliyoona 3.5 ol) Itoophiyaarra kutuuf akka yaadde dhagahameera. MM Abiy barana ''hojiin cimnaan, dhiibbaanis cime' jechuun sababa hidha abbayyaa guuruuf taasifameen dhiibbaan dippilomaasii cimu dubbataniiru. Haa ta'u malee, ammallee akkaataa bulchinsaafi dhimma seeraarratti Masriifi Sudaan waliin waligalteerra hin gahamne. Mariin taajjabdoota hirmaachise itti fufeera. 'Ugguramuu' hoogganaa ABO Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) yeroo duraaf barana ture Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa waraqaa galmee filannoo kan argate. Baatii Adoolessaa keessa Dura Taa'aan dhaaba ABO Obbo Daawud Ibsaa guyyoota 12'f manaa akka hin baane ittifamuu ibsanii turan. Kunis, 'nageenya isaaniif' akka taasifame itti himamuu dubbatan. Kanaafis, Obbo Daawud poolisii himataniiru. Haa ta'u malee, hanga yoonaa poolisiin dhimma kanarratti waan dubbate hin qabu. Bakka isaan hin jirretti miseensonni dhaaba isaanii walgahii gaggeeffatunis ijoo dubbii ta'ee ture. Ergasii manaa akka bahan naaf eeyyamame jedhanii booda gara waajjiraa qajeelanis balbalatti dhowwamuufi manatti deebi'uf dirqamuu isaanii BBC'tti himaniiru. Ergasii hooggansi dhaabichaa lamatti bahuun ibsa wal faallessu, darbes wal himachaa miidiyaaleerratti ibsaa turan. Bakka Obbo Daawud hin argamnetti Obbo Daawud aangoorraa fonqolchamuu himamuus koreen kutaa seeraa dhaabichaa garuu akka qorataa jiru ibseera. Ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa booda dhaabbilee mormituu hoggantoonni isaanii to'annoo poolisii jala oolan keessaa tokkodha ABO'n.
43368362
https://www.bbc.com/afaanoromoo/43368362
Lakkoofsi namoota Mooyaaleetti ajjeefamanii 10 gahe
Haleellaa raayyaan ittisa biyyaa guyyaa Sanbataa 'ragaa dogoggooraatiin' jedheen jiraattoota magaalaa Moyaalee irratti baneen namoonni 10 ajjeefamuu, kanneen 12 ta'an ammoo miidhaa'uufi jiraattoonni kumaatamaan lakkaa'aman ammoo daangaa qaxxaamuruun gara Keeniyaatti ce'u saanii barame.
Bakka bu'aan sakretaraatii olaantummaan hojiirra olmaa labsii yeroo muddamaa to'ataa jiru, Letanaal Janaraal Haasan Ibraahim ibsa midiyaa motummaa EBCf kennaniin, miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa shan sababii 'ragaa dogogoraatiin' dhukaasa jiraattota irratti bananiin lubbuun namoota darbu dubataniiru. Naannichatti gareen waraanaa tokko qubate kan argamu yoo ta'u, dirqamni garee kanaaf kennamees kan labsii yeroo muddamaa waliin walitti hin dhufne ta'u kan dubattan letanaa konaleen Haasan, gaheen garichaa miseensoota adda bilisummaa Oromoo gara naannichaatti seenan to'achu ta'u ibsaniiru. Miseensoonni haleellaa rawwatan shan oggantuu garee dabalatee akka hidhanoosaanii hiikkatan taasifamuun qorannoon irratti gaggeefamaa jiraachu kan himan bakka bu'aan sakretaraatichaa, gareen aanga'oota olaanoo ittisa biyyaa keessatti argamanis gara naannichaatti qajeeluun hawaasa ni tasgabbeessuus jedhaniiru. Kantiibaan Magaalaa Mooyaale Obbo Aschaalo Yohaannis, jiraattoonni naannichaa keessattu lafa Shawaa Barri fi duwwaa tokko irraa baqachuun gara Keeniyaatti ce'uusaanii BBC'tti himaniiru. Kana malees sirni awwaalcha namoota ajjeefamanii muraasi raawwatamuufi kanneen ammoo gara lafa dhaloota isaanitti ergamu obbo Aschaaloon himaniiruJiraataan magaalattiifi hojataa waajjira sivil sarvisii magaalaa Mooyaalee kan ta'an tokko BBC'tti akka himanitti, namoonni magaalattiifi naannoo ollaa irraa baqachuun gara Keeniyaatti ce'an tilmaamaan kuma kudha ni ta'u jedhaniiru. Bulchaan Aanaa Obbo Bagajaa Mooyaalee gama isaanitiin lafa Caamee jedhamtuufi magaalaa irraa fageenya kilomeetira muraasaa irratti bakka argamtutti kaleessa dhukaasni jiraachuufi yoo xinnaate namni tokko madaa'usaa himaniiru.
oduu-48424204
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48424204
"Dubartiin miidhaa saalaa irra gahu keessaa bahuuf waggaa 10 itti fudhata"
Shamarre Ruuti (kan maatiif jecha maqaanshee geedarame) reefu sivil injinariingiin eebbifamusheeti. Bakka jiraattu Fiinfinneetti hojii wayi argatteeti. Guyyaa tokkoos taaksii ittiin deemaa turte keessatti dagaggeessa tokkoon wal barte. Gurbichis haasaa egaluun gara lakkoofsa bilbilaa wal geeddaruutti ce'an.
Isaan boodas walitti dhufeenyi isaanii gara jaalalummaatti geedaramuuf yeroo itti hinfudhanne. Garuu bara darbee baatii Fulbaana keessa jaalalleenshee Ruutiin ajjeesse. Innis dargaggoo Kadir jedhama. Jecha pooliisiif kenneen ajjeesuuf itti yaade akka hinraawwatiin himuun mormeera. Halkan Ruuti itti ajjeeseettis mana isheen kireeffattee jiraattu gara mana isaatti kan geessee ganama xabala waliin deemna jechuun ture. Ruuti garuu dubbiin itti hintollee ture. Waliin rafaa osoo jiranuus bohaa turte. Akka inni jedhuuttis halkan walakkaa keessa aarte. Isaan boodas haala sukkanneessaan ajjeesse. Kadiri wayita poolisiin to'annaa jala olcheetti mana jireenyaa isaa keessatti dubartii biraa waliin jireenya gammaachurra ture. Akka gabaasa komishinii poolisii Magaalaa Finfinneetti, baatii Adoolessaa hanga baatii Bitooteessa bara kanaatti jechuunis baatiiwwan sagala darban keessatti dubartoonni 13 lubbusaanii dhabaniiru. Akka oggeettiin gorsa qor-qalbii fi hojjattuun hawaasummaa Zahaaraa Laggasaa jettuutti miidhaan kan saalaa ykn kan qaamaa qofa miti. Miidhaan dubartootarra gahaa jiru gosa shan qaba: Miidhaa qor-qalbii, kan qaamaa, xin-sammuu, saalaa fi diinagdee kan hammatuudha. Gadi qabatanii boo'uu Miidhaan dubartoottarra gahu inni jalqabaa miidhaa qor -qalbiiti jetti. ''Ofiitti akka hinamannee, akka of shakkitu, akka sodaattu taasisa. Erga hirriyummaa eegalanii ykn bultii ijaarattani heerumanii booda dafee akka maatii ykn hiriyyoota isheen adda baatu taasisa. Qofaa ishee akka taatuu taasisa,'' jechuun dhiiroonni attamiin akka dubartoota qofaasaaniitti hafan akka taasisan dubbatu. Dubartii tokkoof anatu siif jira jechuun, erga naaannoo fi hawaasa keessaa akka qoodamtu taasiseen booda qor-qalbiifi xin-sammuushee irratti miidhaa qaqqabsiisu jechuun himti. Oggeettiin kun akka jettuutti, miidhaa qor-qalbiitiin alatti dinagdeen akka isa irratti hirkattu taasisa. Itti dabaluunis ''ijoollee kan qabdu yoo ta'e ammoo caalaa miidhaa baachuuf ni obsiti,'' jetti. Gama biraatiin ammoo dubartiin tokko 'miidhameera' jechuun gara warrashee yoo dhaqxuutti 'deebi'ii' jedhamti. Ilaalcha dubartiin 'abbaa warraashee akkuma amalaatti dandeessee jiraachu qabdi' jedhu tokkotuu irratti fe'ama. Biyya keenyatti amantaan jireenya hawaasaaa keessatti gahee olaanaa waan qabuuf gaa'eela hiikuun amantaadhaan 'cubbuudha' waan jedhamuuf gaa'iila hiikuuf ni sodaatu. Aadde Zaahiraa akka jedhaniitti, dubartiin miidhaa irra gahee haala sana keessa bahuuf waggaa 10 itti fudhata. Kanaaf ammoo sababiiwwan hedduutu jira. Mormii qabeenyaa, kanfaltii mana barnootaa kan ijoollee, dhimma aadaafi amantaa fi kkfn yeroo tokkichaan haalicha keessaa akka hinbaane taasisa. Tibba mormii mana murtiitti yeroo baayyee abbootiin warraa 'ijoollee hinkennu' waan jedhaniif dhimmoota baay'een waan sodaachisanii fi dubartoonni hedduunis qabeenyaa ofiisaaniin itti ajajan waan hinqabneef jecha manaa bahuuf ni rakkatu jetti. ''Dhimmi ishee sodaachisu kan jiru yoo ta'e deebiitee gara miidhaa sanatti galu dandeessi,'' jetti. Dubartiin tokko hojii hojjattuun galii argattulleen baasii manaa hunda akka haguugdu waan taasisuuf, maallaqa baasii mana barnootaa, fi nyaataa irraa hafuuf hinqabaattu. Abbaan warraa garuu galii argatu maallaqa muraasa ni kaawwata jechuun himu oggeettiin kun. ''Ishee maallaqa waan hinqabaanneefuu miidhamaa isa waliin jiraachuf dirqamti,'' jetti. Kan biraa ammoo dhimma dargaggoota jaalala ho'aarratti argamaniiti. ''Dargaggoonni yoo hirriyaa qabatan rakkinni mul'atu tokko adda qooduudha,' jedhu oggeettiin tun. Dargaggoonni akka jaalala ho'aa keessa jiran yoo itti dhagahame, barreeffamni isaanii jaalalleesaanii waliin barreessan osoo hinhafiin miidhaaf kan isaan saaxiluudha jechuun hubachiisu. ''Kutaa yoo seentu 'galeera' jechuun akka ergitu, mana yoo galtu galushee akka gabaaftu, hirriyootashee waliin yoo taatee eenyu waliin akka jirtu akka ibsituuf maqaa jaalalaatiin diriqisiifamti. Hordoffiin maqaa jaalalaatiin taasifamu kunis walitti dhufeenya hawaasummaa keessaa ishee baasuun isa waliin qofa akka taatuu godha. Booda keessa yoo miidhaa irra gahu akka dahannoo dhabdu taasisaan,'' jedhu. Dargaggoonni waa'ee amala jaalalleesaanii yoo gaafatamaniifi haalawwan jaalala ittiin ibsatu dubbatan, guyyaa haala meeqa akka ergaa waliif ergan akka ragaatti eeru. Kun garuu ibsa jaalalaa osoo hintaane hordoffiidha. Dubartiin tokko nama hanga taaksiitti gaggeessee mana galushee ergaa erguuf akka qabdu kan itti dhagahamu yoo ta'e, kana gochuu yoo baattee sodaachisoo fi arrabsoon kan irra gahu yoo ta'e kun miidhaa waan ta'eef akka ofeegduuf gorfamti. ''Jaalataan amala hordoffii qabuu kan ofiisaatti hinamannee, fi nama ishees dafee to'achu barbaadudha,'' jechuun ibsiti oggeettiin kun. Dhiiroonni miidhaa geessisaniis erga gochicha raawwatanii booda dhiifama gaafachuun beekama kan jedhan Aadde Zaahaaraan, kana kanan raawwadheef waanan si jaaladhuuf, hojiin natti baayyatee waanan cinqameef, kanan qabu si qofaadha, si malee jiraachu hindanda'u, jechuun dhiifama akka gaafatan ibsuun ''. Miidhaanis qaama hir'suudhaa hanga lubbuu balleessuutti akka qaqqabu dubbatu. Miidhaan magaalaa fi baadiyyaa, kan barateefi hinbaratiin irratti Asinaaqachi Xilaahun shamarree waggaa 26ti. Kan dhalattee Ambootti yoo ta'u kan guddattee ammoo Bishooftuutti. Haatii ishee dhukkubsattu sammuu waan turaniif isheefi obboloota ishee sadii dhiisanii kan deeman ganaa osoo isaan ijoollee jiranu ture. Kanaafuu jireenyi Asinaakach fa'iif baayyee cimaa ture. Waan ciniinanii oolan argachuuf mana namaarraa adeemaa turan. Isheenis Bishooftuutti mana qonnaan bulaa tokkootti mindeeffamte. Ollaan warra itti qaxaramte garuu ishee faana bu'u eegale. Bakka hintaaneetti eeguunis sodaachisee gudeede. Osuma baayyee hinturiin akka garaatti baatte beekte. Iccitiifi mucaa ishees garaatti qabachuun gara magaalaa dhufte. Magaalattis hojii guyyaa hojjachuun farsoo gurguraa mucaashee nagaan hikkatte. Guyyaa tokkos namicha guyyaa guyyaan dhufee diqqii [atalaa] farsoo fudhatu tokkoon mucaashee adaraa jechuun bishaan warraabachuu deemte. Yoo deebituus mucaashee dhiigaan makamtee argatte. Asinaaqachis carraan isheefi kan mucaashee wal fakkaachunsaa sammushee naanneesse. Biyyoota guddataniitti dubartoota afur keessaa tokko irratti miidhaan akka qaqqabu qorannoon ni mul'isa kan jedhan aaddee Zaahaaraan, gara biyya keenyaa yoo deebiinu ammoo, dubartoota lama keessaa tokko irratti miidhaan akka raawwatamu qorannoon mul'iseera jedhu. Qorannoon gara biraa ammoo, dubartoota sadii keessaa tokko balaa miidhaatiif kan saaxilamteedha jedha. Kana jechuunis miseensa amantaa ykn gosa kamiyyuu taatuus balaaf kan saaxilamteedha jechuudha. Oggeettiin qor-qalbii kun akka jedhaniitti dubartoonni baratan hanga tokko miidhaa irra qaqqabu ifatti dubbachuun seeratti dhiyeessuuf hamilee qabu. ''Tarkaanfiin miidhaa jalqabaa sodaachisoodha'' kan jettu aaddee Zaahaaraan, 'kan yoo kaaftee siin ajjeessa,' ykn 'mucaa kee siif hinkennu' kkf kanneen jedhan dubbachuun qor-qalbii ishee irratti miidhaa akka taasisan dubbatti. Haalawwan kunneenis miidhaa saalaa fi qaamaatiif daandii saaqa kan jedhan oggeettiin kun, miidhaan dubartii heerumterratti raawwatamus akka of tuffattu akka taasisu ibsti. ''Ijaan ol jetti kan nama hin ilaalleefi sagaleeshii ol kaasuun kan hin dubbannee taati. Of eeguus ni dhiifti,'' jechuun attamiin miidhaan dubartoota irratti raawwatamu jijjirama amalaatiif gumaata akka qabaatu dubbatti. Miidhaan 'addunyaan dhiirootaa' qabaatu Ilmi dhiiraa yoo guddatu akka mirga isaa eegu, ofiisaa akka kabaju, tibba baachoottiis akka xabawwan humna isaa mul'isan irratti akka hirmaatuuf itti himamaa guddata. Gama biraatiin ammoo dubartoota kenntoota kunuunsaa taasisuun ofiisaanii danda'uun akka dhaabbatan osoo hintaane kan isaan deeggaru akka isaan barbaachisu akka yaadan taasifamanii guddatu. Tibba dargaggummaattis miidhaa geessisuufi mo'atanii galuun akka kabajaatti waan ilaalamuuf isumaan guddachuun amaluma sana qabachuun guddatu. 'Kanan reebee waanan dhugee tureef' kanneen jedhan kan dhageenyuuf amallii miidhaa qaqabsiisu durumaan isa keessa waan tureef erga dhugaatii fudhateen booda baheeti malee dhugaatiin mataasaatiin akka miidhaa qaqabsiisan isaan taasisee miti,'' jedhu oggeettiin kun. Gaa'ila keessatti miidhaan qaqqabuun dura amalawwan mul'atan yoo ibsan, aariifi lola dhiirootaa akka fakkeenyaatti kaasuu. ''Dhiirri yoo karra darbate banuufi cufuu, mi'a yoo cabsuu, yoo iyyuu isheen daa'ima ishee qabattee gara golaatti baqatti. Dhimmichi gara miidhaatti yoo geedaramees jaarsatuu dhufa. Tibba jaarsumaattis miilashee jalattu kufuun dhiifama gaafata. Kunis erga miidhaan qaqqabeen booda waan raawwatamu yoo ta'u furmaata waaraa hinqabaatu,'' jetti oggeettiin kun. Jaarsuummaan eegalu kan qabus wayituma mana keessatti waldhabdeen uumamu malee erga dubbiin badeen booda ta'u hinqabaatu jedhu. Tibba jaarsummaattis namoota umuriin caalan, kan suusii hinqabne, fi kanneen haala jireenya isaaniitiin kaan birootiif fakkeenya ta'anitu haala maatii walitti bu'insii keessatti uumamee sana guyyaa tokkichaaf qofa osoo hintaanee ji'ootaaf hordofu akka qabaatan gorsu. Kun ta'u dhabusaatini maatiin waldhabanii jaarsummaan haraaraman baatii muraasa booda irra deebiin walitti bu'u. Miidhaanis guddachuun gara ajjeechaa gahu mala, jechuun walitti bu'insii gaa'ila keessatti yoo umamuu attamiin ilaalamu akka qabaatu himti. Deeggarsa maatii Dubartoonni miidhaan irra gahuu waan sodaachifamaniifu haqa akka hinarganneef danqaa itti ta'a. Kanaafuu, dubartiin tokko dhimmashee seeraan yoo hordoftu jiddugalli nageenyi ishee eegamuun dhimma ishee hordofattu mijachuufii qabaata jetti oggeettiin tun. Dubartiin miidhaa irra qaqqabe deeggarsa maatii ishee barbaachisa kan jettu oggeettiin tun, firoonnis gara mana miidhaa irra gaheetti akka deebiituuf dhiibuurra ishee deeggaru akka qaban hubachiisu jetti. Dhiiroonni miidhaa geessisan baayyeenis alatti amala namoonni hinyaadne gaarii kan qaban waan ta'eefi mana keessatti gochicha raawwachusaanitiif namni hinyaadu ta'a. 'Abbaan manaa kiyya na miidha' yoo jettu kan amanu hinjiraatu. Yeroo baayyees dhiiroonni haadha warraa isaanii miidhaa waan maatii dubartiittii haala kunuunsaniifu, maatiinshee deebisanii mana miidhaa qaqabsiisuuf abukaatoo ta'un dhaabatu. Kanaafu, tibba miidhaan ira ga'utti gara warrashee deemuu dadhabuun ishee akka qofummaan itti dhagahamu ishee taasisa. ''Amala isaa ni geeddara, ni fooyya'a' jechaa turuun hir'ina qaamaa fi lubbuu dhabuun qaqqabsiisuu waan danda'uf jalqabuma irraa kaasee tarkaanfii barbaachisu fudhachuun barbaachisaadha jetti.
oduu-52538297
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52538297
Lammii Taayyee: "Wanti na himachiisu waan hin turreefan gadhiifame"
Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti lafa hektaara 46 seeran ala qabachuu, aksiyoona seeran alaa hundeessuu, qonnaan bultoota gowwomsuufi qarshii miiliyoona 60 sassaabaniiru jedhamuun kan shakkamanii turan Obbo Lammii Taayyee guyyoota 16 booda mana hidhaatii bahaniiru.
Walitti qabaa boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ kan tahan Obbo Lammiin, gochi anaa fi lafa waldaa kanaa irratti aggaamamee ture fedhii saamicha lafaa irraa kan madde malee lafichi seera qabeessadha jechuun erga gadi dhiifamanii booda BBC'tti himaniiru Obbo Lammiin. "Kana dura bulchiinsa kutaa magaala Nifaas silk Laaftoo waliin mana murtiitti wal himannee lafichi nuuf murtaa'ee ture. Qabiyyichi qabiyyee seera qabeessa waldichaa akka ta'ee fi jeequmsi akka irraa dhaabbatus nuuf murtaa'ee ture," jedhu. Obbo Lammii ajaja Abbaa Alangaa Federaalaatiin too'annaa jalaa gadhiifaman. Guyyoota 16 too'annaa poolisii jala turan kanattis himanni akka irratti hin banamneefi ragaan qabatamaan himatamuuf isaan geessisu waan hin dhihaanneef gadhiifamuus himu. "Lafa kana nuti karaa seeraatiin qabanne malee akka jedhame weeraraanii miti. Himanni abbaa alangaatiin narratti baname waan hin jirreefi kanin qabames seeran ala waan ta'eef Abbaan Alangaa Fedheraalaa dhimicha erga qulqulleeffateen booda haal-duree tokko malee akkan gadhiifamu taasifameera" jedhan. Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee Komishinar Addunyaa Dabalaa yeroo darbe "qotee bulaa karaa adda addaan dogongorsiisuu fi sodaachisuun lafti hektaara 46 ol qabamee jira" jedhanii turan. Obbo Lammiin garuu lafichi seera qabeessaa akka ta'ee fi yeroo ammaas waardiyyaa itti qacaree kan eegsisaa jiru waldaa isaanii ta'uu himu. Haa ta'u malee dhimma lafa kanaatiin Obbo Lammii kan himate bulchiinsa magaalattii qofaa miti. Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ yeroo jedhametti hojii eegalee faayidarraa irraa argattu jedhaman argachuu dhabuu qonnaan bultoonni miseensa waldichaa ta'an BBC'tti himanii turan. Sababa kanaafis qonnaan bultoonni waldicha keessaa bahanii lafa isaanii dhimma biraaf itti fayyadamuuf yoo gaafatan walitti qabaan boordii waldichaa Obbo Lammii Taayyee maqaa waldichaatiin laficha irratti dhorkaa mana murtii baasisuun qonnaan bultootni waldicha keessaa bahuu barbaadan lafa isaanii akka hin fayyadamne dhorkuu isaanii qonnaan bultootni ni komatu. Wayita ammaa lafichi Baankii lafaa mootummaatti galuu isaabulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsus, Obbo Lammiin garuu "lafichi sanada gahaa wajjin nu harka jira" jedhu. Waldichi karoora qabate hojiitti hiikuun kaayyoo hundaa'eef milkeessuuf akka hojjetus himaniiru.
oduu-55634183
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55634183
Eenyummaa anga'oota TPLF tibbana to'annoo jala oolfamanii gabaabbinaan
Halellaan buufata waraana federaalaa kan Izzii kaabaa irratti humnootii TPLFn raawwate hordofuun, Sadaasa 4, 2020 irraa eegalee tarkaanfii motummaa federaalaatiin fudhatamuunsaa ni yaatama.
Haleellaa buufata raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwatamee kanaafis motummaan federaalaa aanga'oota TPLF fi hooggantoota waraana naannichaa dhibbaan lakkaawaman himachaa ture. Kanaafu, qaamooleen kunneen to'annoo seeraa jala oolfamuun akka himatamaniif Komishinii poolisii federaalaafi abbaa alangaa federaalaa ajaja to'annoo irratti baasuun isaanii ni yaadatama. Haaluma kanaanis aanga'ootaa siyaasaafi qondaaltoota waraanaa naannichaa muraasni tibba kana to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, isaan keessaa eenyummaa aanga'oota shanii akka asii gadiitti dhiyeessineera. Aaddee Qiddusaan Naggaa Obboleettii qixusuu Abbooyi Sibihaat Naggaa kan taatee, Aaddee Qiddusaan Naggaa dubartoota qabsaa'oota ALI dhuma bara 1970tti TPLFtti makaman keessaa addee Qiddusaan qabsaa'oota dubartoota ciccimoo keessaa tokko jedhamu. Addee Qiddusaan tibba qabsoo hidhannootti kutaa hawaasa dadammaqsu ogganaa turan. Kana malees dura teessuu waldaa dubartoota qabsaa'oota naannichaas ta'uun bara dheeraaf tajaajiluutu himama. Aaddee Qidduusaan bara 1987 erga Dargiin kufeen booda ture miseensa koree Hojii Raawwachiftuu fi koree jiddugaleessaa TPLF ta'un kan filataman. Hanga bara 1990mootaatti aaddee Qiddusaan dubartii qobsooftuu ejjannoo siyaasaa cimaa qabduufi cimtu akka turan qabsaa'onni waliin turan dhugaa bahuuf. Haata'u malee wal hiruu dhaabbaticha keessatti bara 1993tti uumamee tureen, abbaa warraa isaanii Obbo Tsagaay Bariha waliin ta'uun eejjannoo Obbo Mallas Zeenaawii kanneen deeggaran keessaa turan. Kana malees kantiibaa Magaalaa Maqalee ta'uun tajaajilanii kan turan aaddee Qiddusaan, itti aansuun ammoo af-yaa'ii mana maree naannoo Tigraayis ta'un tajaajilaniiru. Haata'u malee Onkololeessa bara 2011 keessaa aangoo isaanii irraa naannichaan soorama baafaman. Obbo Abbaay Walduu Obbo Abbaay Walduu kan qabsoo hidhannoo dhaabbata Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF)tti makaman gara dhuma bara 1969 ture. Obboleessi isaanii Obbo Awu'aaloom Walduu namoota 11 kanneen TPLF hundeessan keessaa tokko yoo ta'an, hanga waraanni daangaa Itiyo-Eritraa eegalamuttis Eertiraatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'un tajaajilaa turan. Bara 1993tti garaa garummaa ejjannoo dhaabbaticha keessatti umameen obboolaa lamaan kunneen ajandaa garaa garaa qabachuun adda bahanii turan. Haaluma kanaanis Obbo Awu'aalam aanga'oota TPLF tibba sana har'isaman keessa turan. Obbo Abbaay Waldu baroota dheeraaf itti aanaa pirezidaantii Naannoo Tigraay ta'uun kan tajaajilan yoo ta'u, booda ammoo aangoo pireezidaantummaa Obbo Tsagaayee Barhee irraa fudhachuun bara 2002 hanga 2011tti tajaajilaniiru. Obbo Abbaay osoo pireezidantii naannichaa ta'uun hinfilatamiin duras, bulchaa godina Jiddugalaafi isaan booda ammo Itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa naannichaa ta'uun hojjataniiru. Kana malees dura taa'aan TPLF Obbo Mallas Zeenaawii bara 2004tti erga du'anii boodas, isaan bakka bu'uun hanga bara 2009tti dura taa'aa dhaabasaanii ta'un tajaajilaniiru. Obbo Abbaay Walduu miseensa koree hojii raawwachiiftuu ADWUI ta'unis tajaajilanii turan. Booda keessa ammo yaa'ii 13ffaa dhaabbatasaaniin erga gamaaggamamaniin booda aangoorraa kan kaafaman yoo ta'u, dargaggoonni naannichaa karaa midiyaalee hawaasumaatiin komii olaanaa irratti dhageessisaa akka turan himama. Erga isaan aangoo pireezidantummaa naannichaa fi dura taa'ummaa dhaabbatichaa irraa kaafamaniin booda, bakkasaanii Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'eltu bu'ee ture. Obbo Abbaay erga aangoofi miseensummaa koree jiddugalaa keessaa har'ataniin booda komii qabaachaa kan turan yoo ta'u, aanga'oota TPLF muraasa oggansa Dr Abiy Ahimad waliin makaman keessaa akka turan dubbatama. Haaluma kanaanis, De'eetaa Ministeera Nagaa biyyattii ta'uun mudamanii tajaajilaa turan. Gama barnootaatiin ammoo digrii lammaaffaa akka qaban kan himame Obbo Abbaay, afaanoota Tigriffa, Iroob, Affaar, Amaariffaafi Ingiliffa sirriin dubbatu jedhama. Maanguddoon hundeessitoota TPLF keessaa tokko turean kun tibbana to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, maaliifi attamiin gara TPLFtti deebii'anii akka makaman hinbaramne. Dr. Injiinar Salamoon Kiidaanee MM Abiy Ahimad bara darbe Amajjii keessa ministiroota mudanii turan kaan kaasuun isaanii ni yaadatama. Tibba sanatti ture aanga'oonni olaanoon TPLF motummaa Federaalaa keessa turan kan aangoo irraa kaafaman. Dr Injinar Salamoon Kidaanee, Ittaan kantiibaa Magaalaa Finfinneefi ittigaafatamaa Biiroo Geejiba magalattii kan turan yoo ta'u, isaanis aanga'oota TPLF wayituma sana aangoorraa kaafaman keessaa tokko turan. Gaaffiifi deebii Dr Salamoon tibba sana BBC waliin taasisaniin, kan dorgomanii turan ADWUI bakka bu'uun ta'u himanii, hanga ADWUI mo'atetti teessoon 25% kan TPLF jechuun mormuunsaanii ni yaadatama. Erga Magaalaa Finfinneetii ari'atamanii boodas naannoo Tigraayiitti Ittigaafatamaa Misooma Magaalaafi Faayinaansii ta'uun tajaajilaa turan. Dr Salamoon aanga'oota TPLF ifatti bulchiinsa Abiy irratti qeeqa jabaa dhageessisan keessaa tokkodha. Injinar Salamoon aanga'oota TPLF dargaggooo keessaa tokko yoo ta'u, miseensa koree jidduugalaas turan. Dr Abrihaam Takastaa Dr Abrihaam Takasta dhaloota haaraa TPLF/ADWUItti makaman keessaa yoo ta'an, ministira Misooma Maallaqaafi Misooma Dinagdee biyyattii ta'uun tajaajilaniiru. Akkasumas waggoota lamaan darban keessa ammo erga jijjiramni dhaabbata ADWUI keessatti taasifameen booda, gara naannoo isaaniitti deebii'aniiru. Isaan boodas naannoo Tigraayitti Itti aanaa pirezidaantii naannichaafi Itti gaafatamaa Biiroo Maallaqaafi Misooma Dinagdee ta'un hojjataa turan. Dr Abrahaam miseensa koree jiddugalaafi hojii raawwachiftuu TPLF turan. Obbo Abbaadii Zammu Aanga'oota TPLF duraanii amma to'annoo jala olfaman keessaa tokko Obbo Abbaadii Zammu ni argamu. Obbo Abbaadiin naannoo Tigraayitti itti aanaa pireezidaantii ta'un kan tajaajilanii turan yoo ta'u, hanga MM Abiy aangootti dhufanittis Sudaanitti Ambaasaadara Itoophiyaa ta'un hojjatanii turan. Tibba dhaabni TPLF yaa'ii isaa 12ffaa taasisee turetti gamagamamuun miseensummaa koree jiddugalaafi koree hojii raawwachiftuu TPLF keessaa baafamaniii ture. Haata'u malee boodarra ammo Akkaadaamii Oggansa Mallas Zeenaawiitti dura taa'aa Boordii Dhaabbilee Maxxansaa ta'anii turan. Sibihaati Naggaa Namoota Motummaan federaalaa ajaja to'annoo irratti baasuun barbaadaa tureefi to'ataman keessaa tokko Abbooy Sibhaati Naggaadha. Abboy SIbhaat deeggaraa malee miseensa TPLF akka hintaanee wayita tajaajilli sagantaa Tigiriffaa BBC haasofsiisee turetti dubbachunsaanii ni yaadatama. Abbooy Sibhaat erga waggoota lamaan dura Jiddugala Qorannoo Tarsimoo Dhimmota Alaa irraa sooramaan gaggeefamanii booda, aangoos ta'e itti gaafatamummaa motummaa kamu keessa hinturre. Haata'u malee kanneen bulchiinsa MM Abiy irratti qeeqa dhiyeessan keessa turan. Maanguddoon waggaa 86 kan ta'an Abbooy Sibhaati barsiisaa, hojjataa motummaa, qabsaa'aa, akkasumas kanneen dhaaba Adda Bilisa Baataa Ummata Tigraay hundeessan keessaa tokkoofi kan dhaabichas waggoota 10'f dura taa'ummaan ogganaan turan. Abbooy Sibhaat ADWUI fi mootummaa naannichaa keessatti dhaggeettii olaanaa kan qaban akka turanillee himama. Ka'umsi maal ture? Lolli Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale. MM Abiy Ahimad 'sararri diimaan darbameera' jechuun Raayyaan Ittisaa TPLF irratti tarkaanfii akka fudhatu ajaja kennan. Lola kanaan namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman yoo ajjeefaman kumoota hedduun kan lakkaa'aman ammoo qe'ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa'aniiru. Isaan boodas haleellaa buufata waraana federaalaa irratti raawwatame keessaa kanneen harka qabu jedhamuun shakkaman, aanga'oonnifi qondaaltoonni waraanaa akka to'annoo jala oolfamaniif ajajni itti bahee adamsamaa turan. Kana hordofees muraasni to'atamuun kaan irratti ammaoo tarkaanfiin fudhatamu motummaan biyyatti yeroo garaa garaatti beeksiseera. Kana malees erga lolli kun eegalee kaasees lammiileen Itoophiyaa 56,000 caalan daangaa qaxaamuruun gara Sudaan baqataniiru jedha odeeeffannoon UNHCR irraa bahe.
oduu-42576806
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42576806
Humni waraanaa Sudaan baqattoota Eritiiriyaa baraare
Baha Sudaan bosona naannoo Girboo jedhamutti baqattoonni Eertiriyaa 98 to'annoo daddabarsitoota seeraan alaa jala turan mudde 30 bilisa bahuu saanii hoogganaan dhimma yakkaa naannoo Kasalaa Birgaadeer Janaraal Abdullaahii Ali Sayiq ibsa tajaajila oduu Sudaaniif kennaniin beeksisaniiru.
Lammiileen Eritiriyaa gara biyyoota Awroopaa galuuf hedduminaan lammilee goodaansa seeraan alaa geggeessan keessaa yoomuu ta'an suurri kun suura bakka fi yeroo biraatti fudhatamee dha. Duulaa baqattoota kana gadhiisisuuf godhameen lola walitti banameen lubbuun darbe jiraachuu baatus warren seeraan ala namoota daddabarsan irraa namoonni baayyeen qabamaniiru. Komishiinii baqattotaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dubbii himaa itti aanaa damee Sudaan kan ta'an Mohammada Ali Faayiz Na'iim ibsa BBC f kennaniin namoonni baraarfaman kunniin dangaa ce'aa kan jiran seeraan ala ta'uu fi ta'uu dhiisuun hin mirkanoofne jedhaniiru. Akka qondaalli kun jedhanitti haalli fayyaa baqattoota dhiiraa 57, dubartii 41 fi daa'imman 25 ammaaf kan hin beekamne akka ta'eefii wayita kaampii baqattootaa Shirifaay jedhamu gahan haalli isaanii ni qoratama. Lammiileen Eritiriyaa gara biyyoota Awroopaa galuuf hedduminaan lammilee goodaansa seeraan alaa geggeessan keessaa yoomuu ta'an suurri kun suura bakka fi yeroo biraatti fudhatamee dha. Haalli nageenyaa isaanii waliigalaa yaaddessaa miti, dhimmi isaanii qaama olaanaa baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Komishinii Baqattootaa Sudaaniin hordofamaa jiras jedhaniiru. Hooggantoonni naannoo kasalaa bara 2018 kanatti daddaabarsa namootaa seeraan alaa fi butamuu baqattootaa habisuuf akka hojjetan beeksisaniiru. Bara faranjootaa darbe kana baqattootaa Eritiriyaa butaman baraaruudhaan galateefamaa kan ture mootummaan Sudaan hanguma galateefame ammo baqattoota Eritiriyaa Sudaanii gara biyyaatti dirqiin deebisuu isaatiin qabsaa'oota mirga dhala namaan qeeqameera.
oduu-47480177
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47480177
Finfinneetti abbaa qabeenyaa taaksii jaarroleef tajaajila bilisa kennu
Maarqoos Zarihuun jiruusaa kan gaggeessu taaksii 'Laadaa' jedhamtu oofuuni. Konkolaachisaan kun foddaa taaksiisaa isa dubaarratti barreeffama ''maanguddootaa fi warra dadhabootaaf tajaajila geejjiba bilisaa kennina,'' jechuun bilbilasaa waliin maxxanseera.
Warreen humni isaanii dadhabe karaarra argee bira darbuun natti ulfaata kan jedhu Maarqos, keessattuu dubartoota ulfaa bira darbuuf garaan koo na dida jedha. Hojiin isaa namoota hedduu biraa beekamtii akka argatu isa taasiseera. Maarqos iddicha hin jiru yoo taheyyuu, bilbilanii yaamu. ''hojjachaa yoon hin jiraanne ariitiinan dhaqee deeggara ''jedha. ''Taaksiin duwwaa wayita ta'u hin jaaladhu.'' Namoota akkasii deeggaruurratti wayita xiyyeeffattu hojii keetiin walitti si jalaa hin bu'uu? jennee Maariqoosiif gaaffii dhiyeessine turre. ''duranuu ani homaa yaadee hin beeku, hojii koo wajjiinis walitti na jalaa bu'ee hin beeku. dursee hojii kana yoon eegale gammadaan oola'' jechuun deebise. Ganamaan akkan manaa baheen namoota umriin raagan tajaajila geejjibaa eggatan karaa qaxxamursee iddoo dhaquu barbaadaniin gaha. namoota 2 ,ykn 5 ta'uu mala. Imaltoota yoo fe'ee deemu eeyyamsisee namoota deemsa dadhaban konkolaataa yaabbachisa. ''maamiltoonni, hiriyoonni fi namoonni biroo sitti dhiyaatan maal jedhu? gaaffi jedhuuf ''maamiltoonni koo baayyee gammadu. karaa biraa qabadhee wayitan deemellee hin mufatani.kaan garuu karaa isaan barbaadanirraa deemuu dhiifnaan kan mufatanis jiru jedha.'' Namni hundi yaada walfakkaatu hin qabu. hiriyoonni koo garuu jabaadhu kan nuti hin yaadne hojjaattee'' naan jedhu. Tajaajila Taaksii erga kennuu eegalee waggoota 2 lakkoofsisuu kan dubbatu Maariqoos, Shufeera ta'ee qacaramee wayita hojjataa tureettis hojii akkasii hojjataa turu dubbata. ''taaksiin duwwaa wayita deentu hin jaaladhu'' ''Yeroo hedduu iddoo garaa garaatti wayitan imaluu namootan karaa gubbaatti arge hundaan fe'ee darba ture. Qacarameen hojjedha waan ta'eef warri na qacare gammadoo hin turre. Ani garuu nama rakkate bira hin darbu.'' ''Otoon konkolaataa dhuunfaa kooti qabaadhee akkan fedheettin ittin hojjadhan jechaa ture, amma waanin yaaden hojjachaa jira.'' Maarqoos hojii kana wayita hojjatu waan hundii mijataa akka hin turre dubbata. Namoonni muraasni ''rakkanneerraa iddoo kanatti dafii na qaqqabii jedhani, innii bakka jedhame wayita qaqqabee bilbiluuf qoosaafi jedhu. Dhugaa ta'uusaa mirkaneeffachuufi ''jedhanii akka deebisaniif dubbata. ''Gaazii fixee , fageenya dheeraa iddoon waamametti yeroon argamu ''Amanamummaa kee mirkaneeffachuufi''namoonni jedhanii na rakkisu.'' Kanarraa waanti adda ta'e isa mudatee akka hin beekne kan dubbatu Maarqoos, fuuldurattis hojii qajeelummaa kana cimsee akka itti fufu abdata.
oduu-55807631
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55807631
Covid-19: Guyyoota jalqabaa shanan weerara koronaavaayirasii maaltu ta'e?
Waggaa dura mootummaan Chaayinaa magaalaa Wuhaan guutummaatti uggure. Torbanoota muraasaaf aanga'ootni koroonaavaayiras to'annoo jala oolchine jedhaa turan.
Magaalaa Wuhaan Yeroos vaayirasichi namoota muraasa gabaa bineeldotaa Huwaananin qunnamtii qaban irratti qofa ture ifatti kan argame. Haata'u malee keessa keessa vaayirasichi Wuhaan fi guutummaa Chaayinaatti babal'ataa ture. Odeessi kun guyyoota shanan jalqabaa akkam akka tureefi maaltu akka ta'e hima. Mudde 30 namootni hedduun gubaa qaamaa fi qufaan dhukkubsatanii hospitaalota magaalaa Wuhaan ciisanii turan. Namni jalqaba dhukkubsate nama ganna 70moota keessa jiru yoo ta'u Mudde 01 ture kan dhukkubsate. Namoonni dhukkubsatan hedduun kanneen gabaa bineeldotaa Huwaanaan waliin hariiroo qaban waan turaniif, hakimoonni dhukkubni isaanii qufaa idilee akka hin taane shakkuu eegalan. Qoonqoo isaanii keessaa saamudni fudhatamee wayita qoratamu SARS kan fakkaatu gosa koronaavaayirasii haaraa ta'uun barame. Kuni Jiddugala To'annoo Dhukkubaa (CDC) biyyattiif gabaafamullee, uummataaf wanti himame hin turre. Yeroos namuu beekuu baatullee namoonni 2,300 hanga 4000 ta'an vaayirasichaan faalamanii akka turan qorannoon dhiyeenya bahe tokko mul'iseera. Gabaan bineeldotaa Wuhaan Huwaanaan jedhamu Amajjii 1 bara 2020 guutummaatti cufame Mudde 30, 2019: Akeekkachiisa Vaayirasii Mudde 30 hoggantuun muummee dhibee tasaa hospitaala jiddugaleessaa Wuhaan bu'aan qorannoo namoota haaraa dhukkubsatanii ishee dhaqqabe. Akkuma bu'aa qorannichaa kan "SARS CORONAVIRUS" jedhu argiteen dafqi qorraan irra yaa'e akka af-gaaffii miidiyaa biyyaalessaa Chaayinaa waliin gooteetti. "SARS CORONAVIRUS" isa jedhu halluu diimaan itti marsitee marsaa hawaasaa lammileen Chaayinaa fayyadaman 'WeChat' jedhamurratti waahillan isheef ergite. Namoota ergaan kun qaqqabe keessaa tokko kan ta'e Dr Lii Wenliyaang barattoonni isaa akka of eeganii fi maatii isaaniis akka akeekkachiisan garuu ammoo nama kaanitti akka hin dabarsine jechuun erga kana dabarse. Ergaan kun garuu sa'aatii gabaabaa keessatti akka malee babal'atee namoota hedduu bira gahe. Namoonnis rifatanii wal akeekkachiisuu eegalan. Bara 2002 hanga 2004 weerarri koronaavaayirasii SARS jedhamu kan magaalaa Beejingitti eegale addunyaarratti nama 8000 qabee 800 kan ta'an ajjeesee ture. Yeroos Beejiing odeeffannoo dhoksite jedhamuun akka malee qeeqamtee turte. Qondaalli WHO Roobart Maaguweer fi hakiimni Chaayinaa dhukkubsataa SARS wayita dhaawwatan Guwaangizhuu, Chaayinaa – Eebla 2003 Sa'aatiiwwan muraasa keessatti ergaan hospitaala jiddugaleessaa Wuhaan keessaa bahe lammilee Chaayinaa miliyoonaan lakkaa'aman bira gahee, namoonni hedduun intarneetii irratti waa'ee SARS haasa'uu eegalan. Garuu dhukkubichi SARS osoo hin taane gosa koronaavaayirasii isa fakkaatu haaraa ture. Guyyaadhuma kana aanga'oonni Komiishinii Fayyaa Chaayinaa Beejing irraa ka'uun Wuhaan galan. Saamudni qoonqoo namoota dhukkubsatanii keessaa fuudhames irra deebiin akka qoratamu laboraatooriiwwan shanitti ergame. Ollaa jireenyaa magaalaa Wuhaan Wayita lammileen Chaayinaa waa'ee SARS haasa'aa jiran kanatti Komiishiniin Fayyaa Wuhaan hospitaalota magaalattiif ajajoota lama kenne. Tokko namni mallattoo dhukkuba haaraa qabu kamuu komiishinichaaf akka gabaafamu, lammata ammoo wanti tokkoyyuu uummataaf ifa akka hin godhamne kan jedhu ture. Ajajoonni kun lamaan daqiiqaa 12 keessatti miliqfamanii intarneetii gubbaatti gadi dhiifaman. Oduun kun gulaaltuu barruu dhaabbata 'ProMed' jedhamuu kan taate epidomolojiist Maarjoorii Poolaak, bira gahe. Dhaabbati kun weerarri dhibee bakka tokkotti oggaa kahu, hordofee kan gaabaasudha. Niwu Yoork kan jiraattu Epidomolojiist Dr Maarjoorii Poolaak Guraandhala bara 2003 waa'ee vaayirasii SARS warra jalqaba gabaasaan keessaa Poolaak ishee tokko. Amma irra deebiin gaafa oduu kana dhageessu, "rakkoo keessa jirran jedhe" jechuun BBC'tti himte. Sa'aatii sadi jidduutti barreeffama waa'ee dhukkuba haaraa odeeffannoo dabalataa gaafatu barreessite 'ProMed' irratti maxxansite. Daqiiqaa tokkotti kanneen barruu kana dubbisan namoota 80,000 ta'an bira gahe. Mudde 31: Gargaarsa Oduun kun babal'atuun wal qabatee hogganaan CDC Chaayinaa pirofeesar Joorji F Gawo addunyaa bakka adda addaa irraa ergaa isin gargaarra jedhu isaan qaqqabuu eegale. Chaayinaan bara 2019 tooftaa haaraa ittiin dhukkuboota daddarboo to'attu diriirsitee turte. Pirofeesar Gawo salphaadhumatti dhukkuba haaraa kanas akka to'atan hin shakkine. Saayintiistonni pirofeesar Gawo qunnaman lama akka jedhanitti CDCn Chaayinaa dhimma kanaan badaa hin rifanne ture. Dhaabbata qorannoo dhukkuboota daddarboo 'EcoHealth Alliance' jedhamu Niwu Yoork buufate kan hogganan Dr Piitar Daszaak, "Joorji Gawoof ergaa barreeffamaa dheeraan ergeef, garee isin gargaaru tokko isinii ergina kan jedhu ture" jedhu. Deebiin argatan garuu ergaa gabaabaa baga bara haaraa geesse jedhu qofa ture jedhu. Direektara CDC Chaayinaa pirofeesar Joorji Gawo Yuunivarsiitii Kolombiyaatti epidimoolojiistii kan ta'e Aayan Liipkiinis pirofeesar Gawo qunnamuuf yaalaa ture. Liipkiin bara haaraa kabajuuf daqiiqaan muraasni yoo hafu pirofeesar Gawon naaf bilbile jedha. "Vaayirasicha adda baafatee ture. Koronaavaayirasii haaraadha. Kan hedduu daddarbu miti naan jedhe. Kuni anaaf hin liqimfamne, sababni isaa yeroo sanatti namni hedduun qabamuu dhagaa'aan ture waan ta'eef," jedha. "Hammeenyaaf ykn dhoksuuf osoo hin taane dogoggoreetuma natti fakkaata." Epidimoolojiistii Aayan Liipkiinis BBC'tti dubbachuu kan dide pirofeesar Gawo miidiyaa Chaayinaatti bu'aan maalummaa vaayirasicha ariitii danda'amuun ifa godhamuu himee, namarraa namatti hin daddarbu hin jenne jechuun waakkate. Guyyaa kana Komiishiniin Fayyaa Wuhaan ibsa baaseen namoota 27 irratti dhukkubni qufaa ykn nimooniyaa argamuu himee namarraa namatti akka darbu garuu ragaan ifa ta'e hin jiru jedhe. Gabaasa TV Chaayinaa CGTN Chaayinaan maalummaa vaayirasichaa qorannoon argame hawaaasa idil-addunyaaf kan himtee guyyaa 12 booda ture. Mootummaan Chaayinaa gaaffii BBC'n af-gaaffiif dhiyeesse dideera. Haata'u malee Chaayinaan dhukkubicha ittisuuf tarkaanfiin fudhatte iftoominaa fi itti gaafatamummaa kan qabuu akkasumas yeroo sirriitti kan kenname ta'u ibsa kennaniiru. Amajjii 1, 2020: Ifannaa hawaasa idil-addunyaa Seeronni idil-addunyaa dhukkubni hawaasa idil-addunyaa yaaddessu kamuu wayita dhalatu biyyi dhukkubichi keessatti argame sa'aatii 24 keessatti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)f beeksisuu qaba jedha. Haa ta'u malee WHO Amajjii 1 waa'ee dhukkuba kanaa mootummaa Chaayinaarraa wanti dhagahe hin turre. Qondaalonni WHO Chaayinaa turan guyyaa tokko dura maxxansa 'ProMed' irratti bahee fi wantoota intarneetii gubbaatti haasa'aman dhagahuun Komiishinii Fayyaa Biyyaalessaa Chaayinaa qunnaman. Ifatti waa'ee dhukkubichaa yeroon beeksisuu dhabuun Chaayinaa seera idl-addunyaa kan cabsedha jedhu ogeeyyiin fayyaa biyyattii qeeqan. Chaayinaan guyyaa lama booda WHO'f deebii kennite. Kunis ta'ee gabaasni kennite ifa hin turre - namoonni 44 qufaa hin beekamneen qabaman kan jedhu ture. Chaayinaan dhimma kanarratti WHO waliin ifatti qunnamtii kan eegale Amajjii 03 akka ta'e himti. Haa ta'u malee sagaleen walgahii keessoo WHO waraabamee BBC dabalatee miidiyaalee kaan harka gale akka mul'isutti torbee boodayyuu aanga'oonni WHO odeeffannoo gahaa hin qaban ture. "Namarraa namatti akka darbu ragaan gahaan hin jiru kan jedhu gahaa miti, ragaa qabatamaa arguu qabna," jedhu direektarri sagantaa balaa tasaa WHO Maayik Raayan sagalee waraabame kanarratti. Dhaabbata Fayyaa Addunyaa - Jeneevaa, Siwiizarlaand WHO dhukkubichi namarraa namatti darbuu akka malu shakkii qabaatullee torban sadii ragaa qabatamaan deeggaruu hin dandeenye ture. Hawaasni idil-addunyaa yeroo kanatti wanti dhagahaa ture waan mootummaan Chaayinaa akka dhagaahamu fedhu qofa ture. Amajjii 2: Hakimoota afaan qabsiisuu Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii guyyoota muraasa keessatti dachaan dabalaa ture. Namoonni hedduunis hospitaalota Wuhaan dhiphisuu eegalan. Yeroo kanatti doktoroonni yaaddoo qaban akka himatan gochuun osoo maluu - miidiyaan biyyaalessaa duula hakimoota afaan qabsiisuu eegale. Amajjii 2 TVn Chaayinaa odeessa doktoroota waa'ee dhukkuba guyyoota afur dura uumamee odeeffannoo sobaa tamsaasan jedhee qabatee bahe. Doktoroonni kunneen akkaataa seerri jedhuun tarkaanfiin irratti fudhatamuus hime. Doktoroota kanneen keessaa tokko hakiima ijaa kan ta'ee fi kan jalqaba ergaan akeekkachiisaa isaa namoota miliyoona hedduu bira gahe Lii Wenliyaang isa tokko. Doktorri kun Guraandhala keessa vaayirasichaan qabamee du'e. Dr Lii Wenliyaang hospitaala sireerra wayita jiru Mootummaan Chaayina gochi isaa sun doktoroota afaan qabsiisuu miti jedhee falma. Yeroo kana doktoroonni vaayirasichi namarraa namatti akka darbu sirriitti hubatanii turan garuu akka uummatatti baasanii hin himne dhorkamaa turan. Ogeeyyii fayyaa hospitaala Jiin Yiintaan , Wuhaan - Amajjii 17, 2020 Aanga'oonni Chaayinaa guyyoota itti aanan 18f namarraa namatti akka darbu ragaan gahaan hin jiru jechuu ittuma fufan. Amajjii 3: Akeekkachiisa dhoksaa Ogeeyyiin laboraatoorii biyyattii maalummaa ykn jenetiiksii vaayirasichaa ifa gochuuf halkanii guyyaa dhama'aa turan. Isaan keessaa tokko qorataa vaayirasii ykn vaayirooloojiist pirofeesar Zhaang Yoongizheen Amajjii 3 irraa eegalee qorannoo guyyoota sadi fudhateen maalummaa vaayirasichaa guutummaatti bare. Namarraa namatti akka daddarbus ifa ta'e. Vaayirooloojiist pirofeesar Zhaang Yoongizheen Amajjii 5 waajjirri pirofeesar Zhaang Komiishinii Fayyaa Biyyaalessaa Chaayinaaf dhukkubichi namarraa namatti akka daddarbu himuun, uummanni lafa namni baay'atutti akka of eeggatu barreesse. Haa ta'u malee bu'aa qorannoo isaa kana uummataaf ifa gochuu hin danda'u ture. Sababni ammoo Komiishiniin Fayyaa Biyyaalessaa akeekkachiisa dhoksaan laaboraatooriiwwaniif ergeen saayintiistiin hin hayyamamneef vaayirasicha qoratee bu'aa qorannoo isaa kamuu uummataaf ifa akka hin goone ugguree ture. Sababa kanaaf Chaayinaan ammallee qufaa hin beekamne namarraa namatti darbuun isaa hin mirkanaa'iin jechuun addunyaatti himuu itti fufte. Guyyoota jaha booda koronaavaayirasii haaraa ta'uu kan addunyaaf himte. Yeroo himtus qorannoo jenetiiksii vaayirasichaa agarsiisu ifa hin goone. Mootummaan erga kana beeksisee booda Amajjii 11 pirofeesar Zhaang lubbuu isaa balaaf saaxiluun bu'aa qorannoo isaa kan guutummaa jenetiiksii vaayirasichaa agarsiisu gadi dhiise. Murteen isaa kun gatii isa kafalchiiseera - laboraatooriin isaa jalaa cufame. Haata'u malee saayintistonni mootummaas ragaa of harkaa qaban akka gadi dhiisan taasise. Kana booda hawaasni saayinsii idil-addunyaa irratti duulee Amajjii 13 meeshaan ittiin dhukkubichi adda baafamu qophaa'e. Saayintiistonni fi doktoroonni ragaa argatanillee Chaayinaan hanga Amajjii 20 dhukkubichi namarraa namatti akka daddarbu ifa hin goone ture. Waayita hawaasni idil-addunyaa vaayirasichi namarraa namatti akka daddarbu ragaa argatetti vaayirasichi tatamsa'ee ture. Silaa osoo battalatti barameera ta'ee carraan vaayirasichaa to'achuu jiraachuu mala ture jedhu ogeeyyiin. Singaapooritti vaayiroolojiistii kan ta'e Waangi Liinfaa Amajjiin 20 dura Chaayinaan hojii hojjechuu qabdutu ture, Amajjii 20 booda ammoo addunyaan hojii ittisaa fi of eeggannootti cimuu qaba ture jedha.
oduu-47609482
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47609482
Balaa xiyyaara Itoophiya: Balaliistotatti miira attamii umee?
Balaan torban darbe xiyyaara itoophiyaa irra qaqabee ture hunda keenya naasiseera. Miirri isaa ammalleen keessa keenyaa hinbanne. Balaan kuni balaliiftoota hojiin isaanii xiyyaara balaliisuu ta'etti miira attamii uume laata? Balaliistoota lama BBC'tti waan himan qabu.
Kaapteen Makonniin Biruuk garee balaliistoota xiyaara 208 waliin Balaan xiyyaara daandii qilleensa Itoophiyaa Booyiingii 737 maaksi 8 badiinsa lubbuu namoota 157 sababii kan ta'e yoo ta'u, taatee kunis addunyaa gutuuf madda naasuu ta'eera. Balaadhuma kanaan walqabatees biyyoonni shantamaa oli ta'an hanga haallichi qoratame adda baafamuutti xiyyaaroota booyingii 737 akka hinbalaliineef dhorkunsaani ni yaadatama. Barri 2018 duuti balaa xiyyaaraa yerootti dabaledha Xiyyaarri 'Boeing 737 Max 8' qilleensaaf mijataadha, US Namoota lubbunsaanii balaa kanaan dhabaniifis sirni awaalchaa saanduqa reenfaa duwwaa Itoophiyaatti Dilbata tare yoo taasifamu, Keeniyaatti ammoo sirni kadhannaa qophaa'e ture. Oduun balaa kanaas namoota hedduutti gadda cimaa kan uumee yoo ta'u, keessattuu namoota hojii balaliisuu hojjatanitti miira addaa akka uumuu danda'u ni yaadama. BBC'niis balaliiftota lama waan itti dhagahame akka nuuf qoodaniif gaafateera. Kaapteen Makonniin Biruuk erga balaliisaa xiyyaaraa ta'e waggoota sadii guuteera. Xiyyaaroota Seesnaar Kaaraavaan 208 jedhaman balaliisa. Waa'ee balaa guyyaa sanaa yoo yaadatuus, gadda cimaa keessa galuu isaa hima, ''wayita balaliinsi 302 kufuunsaa himameetti nuti gara Jiinkaatti balalii'uuf qophiirra turre jedha. Xiyyaarii kufee caccabe waamicha atattamaa taasisuun akka deebi'aa jiru to'annoo balaliinsaa irraa nutti himamuun motara keenya dhaamsinee akka eegnuuf ajjajni nuuf darbee ture,'' jedha. Kaapiteen Makoonniin xiyyaara xiqqoo namoota 12 baattuu kan balaliisu yoo taa'u, namoota hangasiis ta'e baayyee baachuun qilleensa irraa balalii'uun sodaa fi dhiphina mataasaa akka qabaatu dubbata. ''Sa'aatii wallakkaan boodas xiyyaarichi raadaariin ala ta'usaa fi humni qilleensaa barbaacha akka eegalee raadiyoon yoo nutti himamu, kufuunsaa battalumatti nuuf galee ture'' kan jedhu balaliisaa Makonniin, 'haala qorannoo balaa xiyyaaraatiin' yoo ilaalamu xiyyaarri raadaarii keessaa bahe jechuun, mallattoo jalqabaa akka wanti hamaan mudate mul'isu ta'u himu. ''Nutis kufuusaa hubachuun, battalumatti heeyyamni raadiyoon nuuf kennameen osoodhuma onneen keenya raafamuu gara Jiinkaatti qajeelle,'' jedha. Meeroon Amahaa humna qilleensaa Ameerikaa keessaa xinxalummaan hojjatteeti. Tibba leenjichaattis balaliisummaa humna qilleensaatiif leenjii'uun waraqaa ragaa argachuuf sa'aatii 100 kan hafu yoo ta'u, ''xiyyaaraa balaliisuu kanan hinbeekne yoo ta'e nagaa naaf hinkennu,'' jetti. ''Balaan umamees kan nama gaddisiisuu fi miira cabiinsa qalbii natti umee,'' kan jeetu Meeroon, yeroo baayyees wayita balaan xiyyaaraa mudatu akka waan hanqiin oggummaa ykn rakkina teekniikaa ta'utti akka shakkamu himti. ''Wayita balaan akkanaa mudatuuttis dandeettii, humnii fi beekumsi balaliiftoota hedduu gaaffii keessa galcha,'' kan jettu Meeroon, ''kunis kan oggummaa keenya tuffachiisuu fi kan namas gaafachiisuu,'' ta'u danda'a jetti. Duraa duuba taateewwan balaa xiyyaaraa addunyaa kanaa Miidhamtoonni ET-302 eenyu fa'i? Balaan tibbanaa kun garuu, ''rakkina xiyyaarichaa waan tureef kan caalaatti qalbii namaa cabsuudha. Innis dhugaa namoota hedduun amanuuf rakkiisaa tureedha. Itti dabaluunis itti gaafatamummaa fudhachu kan qabuu eenyu akka ta'ee itti yaadamu qaba jetti. Kaapteen Makonninis ''xiyyaarri nuti qabannu xiqqoo waan turteef battaluma sanatti gaddinu illeen imala keenya itti fufuuf nutti hin ulfaanne ture. Wayita sanatti kan xiyyaara guddaa qabannu osoo ta'e garuu baayyee naana jedheen yaada. Garuu sanas ta'e kana, hojii keenya waan ta'eef omaa gochu hin dandeenye, ni balaliinees,'' jedhe miira gaddaatiin. Lakkoofsaa yoo ilaalamu, balaan daandii kan balaa qilleensaa ni caala. Addunyaa irrattis gidduugaleessaan waggaatti yoo xinnaate namoonni miiliyoona 1.2 ta'an sababii balaa geejiba daandiitiin lubbu akka dhaban Waldaan Nageenya Geejiba Daandii ni ibsa. ''Kaappiteen Yaareed gootummaasaatu yaadatamuu qaba'' 'Gaafa sana itti barfatee na hin dhungatiin deemte Ayyaantuun koo' Yoo balaawwan geejiba qileensaatiin umaman ilaallu ammoo, waggaa gara waggaatti garaa gara yoo ta'u, fakkeenyaaf bara 2016 addunyaa gutuutti namoota 325, bara 2017 balaliinsawwan miiliyootaan namoota 13, bara 2018tti ammoo namoonni 500 balaa xiyyaaraatiin lubbusaanii dhabaniiru. Kanaafu lakkoofsi balaa qilleensaa gadaanaadha. ''Nut yeroo hunda qilleensarra jirra. wanti Nam-tolchee ta'emmoo yeroo hunda sirrii ta'u dhiisu mala. Balaan tibbanaa umamuuttis hunduma keenya kan miidhu, sababa akka maatii taaneefu,'' kan jedhu kaapteen Makonniin, Namni wayita miseensa maatii isaa dhabutti gadda malee waan jedhu kan biraa hinqabaatu. Ta'us garuu balaliisuu kiyya hindhaabne,'' jedhe. Meeroon ammoo, ''Wayitan balaa akkasi dhagahuutti fedhiin balaliisuuf qabuu fi ija jabummaan kiyya irratti dhiibbaa mataasaa qabaata,'' jechuun dhiibbaa balaan kuni miira isheerratti uume himti. ''Osoo bu'aan sababaa balichaa baramee ammoo, balaliistotaafis ta'e, imaltootaaf ofitti amanamummaa kenna. Kanaafiidha kan bu'aan qorannichaa si'oominaan eeggachaa jirrus,'' jette.
oduu-44193724
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44193724
Abbaan qabeenyaa Kilabii Chelsii Viizaan UK 'boodatti jalaa' arkifate
Abbaan qabeenyaa Kilabii Chelsii Viizaan UK boodatti jalaa arkifate.
Abbaa qabeenyaa Cheslsii Dureessi Raashiyaa kun tapha Waancaa FA kilabiin isaa Chelsiin Maanchester Yunaayitidiin Wenbileeyi irratti 1-0 mo'ate irratti argamuu hin dandeenye. Namoonni abbaa qabeenyaa ganna 51 ta'e kanatti dhiyaatan akka jedhanitii, yeroo inni viisaa UK haareffachuurra jirutti ture kan duraan barame caalaa yeroo akka fudhatu kan itti himame. Waa'ee viisaa kanaa gaafatamanii Ministirri Nageenyaa Been Walaas: "Nuti yeroo baayyee dhimmoota dhuunfaarratti yaada hin kenninu." Waajirri Abiraamooviich dhimmi dhuunfaa miidiyaarratti hin haasa'u jedheera. Gabaasni akka jedhutti viizaan invastaraa isaa torban sadii dura yeroon isaa darbe. Boodatti arkifachuun viizaa kun yeroo rakkoon hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii (UKfi Raashiyaa) gidduutti dhimmi basaasaa duraanii Raashiiyaa Sergee Iskiriippaaliin UK summiin miidhamuu jiru keessa mudate. Akka gabaasaan BBC Daani'eel Istaanfoordi jedhutti, Abiraamoovich osoo namni tokko gidduu hin seeniin Raashiyaarraa biizinasii isaa deemsifataa ture, jechuun Pirezedaanti Vilaadmir Putiinitti dhiyeenya akka qabus dubbata. Garuu irra arkifachuun viizaasaa haaromfachuun kun karaa kamiinuu dhimma rakkoo dippomaasii biyyoota lamaanii waliin walqabataa kan jedhu ifatti waanti beekame hin jiru. Abraamoovich qabeenya bara 1990n keessa zayita boba'aafi gaazii uumamaarraa erga horatee booda bara 2003 keessa abbaa qabeenyaa Kilabii Cheelsii ta'e. Akka tarreeffama dureessota 'the Sunday Times' kaa'etti sadarkaa 13ffaarra kan jiru yommuu ta'u qabeenya inni qabus paawondii Biliyoona 9.3 ta'a. Erga Kilabii Chelsii bitatee, gara UK dhufee yeroo baayyee taphoota daawwachaa ture. Abraamoovich eenyu? Abraamoovich (mirgaa) yeroo baayyee dirree Chelsiirratti mullata Dureessa Raashiyaa ganna 51
oduu-49712185
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49712185
Itoophiyaa, Masrii, Sudaan: Marii hidha haaromsaa 'waliigaltee malee waggoota afur'
Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa laga Abayyaarratti hojjetamaa jiru wayita xumuramu bishaan haala kamiin guutama kan jedhurratti mariin Itoophiyaa, Sudaan fi Masrii gidduutti mari'atamaa ture waggoota afur darbaniif bu'aa hin buusne jedhan Ministirri Dhimma Alaa Masrii Saamii Shukrii.
Kayirootti waltajjiin marii biyyoota sadan giddutti adeemaa ture deebi'ee eegalu ilaalchisuun gaazexeessitootaaf ibsa wayita kennan kana dubbatan. Mariin waggoota dheeraaf adeemaa jiru kun bu'aa buusuu dhabus ammas akka haaraatti eegaleera. Itoophiyaan hanga bishaanii Masriin duraan argattu hin hir'istu taanaan laga Abbayyaa irratti hidha ijaaruuf mirga akka qabdu Masriin beekamtii ni kennitiif jedhan. Wayita eegalamerraa jalqabee dhibdee guddaa Itoophiyaa fi Masrii gidduutti uumaa kan jiru Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa meegaa waatii kuma 6 maddisiisuu karoorfatee ijaarsi isaa eegale. Masriin yeroo pirojektiin kun jalqabamerraa kaastee bishaan kooti na duraa hir'ata yaaddoo jedhuun pirojekticha itti dhiyeenyaan hordofaa jirti. Ega pirojektiin kun eegalamee mariin biyyoota sadan gidduutti addaan citee hin beeku. Koreen teeknikaa biyyoota sadanii fi biyyoota addunyaa biroo walaba ta'an irraa ijaarame haala pirojektii qorachuun mariif dhiyeessaa yoona ga'eera. Sambata darbemmoo Pirezidaantiin Masrii Abdulfattaa al-Siisii Itoophiyaan warraaqsi biyyoota Arabaa keessatti bara 2011 ka'e akka carraatti fayyadamuun hidha kana eegalte jechuun komii qaban dubbatanii turan. Pirezidaantichi gaaffii fi deebii miidiyaa 'Haram Online' jedhamu waliin taasisaniin kana dubbatan. ''Utuu Masriin yeroo sana goolama siyaasaa keessa hin seenne ta'ee silaa Itoophiyaan hidha haaromsaa kana ijaaruu hin eegaltu ture'' jedhan. ''Lammiileen Masrii hookkara bara 2011 irraa waan baratan baay'ee qabu. Dogoggora akka biyyaatti hojjenne kana irra deebi'uu hin qabnu,'' jedhan. Hoogganaa Olaanaan Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Injinar Kiflee Horroo garuu Itiyoophiyaan hidha haaromsaa eegaluuf goolama siyaasaa biyyoota Arabaatti hin fayyadamne jedhu. ''Hojiin ijaarsa pirojektii hidha haaromsaa bara 2010 ji'a Muddee keessa eegale. Garuu uummataaf ifa kan ta'e Ebla 2, 2011 ture" jedhan. "Kanaafuu hojiin pirojektichaa hookkara Masrii keessatti ka'e durseetu eegalame,'' jedhan. Marii Dilbata magaalaa Kaayirootti eegalame kana irratti dhimmi ijoon akka itti hidha kana bishaan guutaniifi akka itti hidhichi tajaajila kennudha. Ministirri Bishaan, Anniisaa fi Jallisii Dr. Silashii Baqqala marii kanarratti jila Itoophiyaa dursuun hirmaataa jiru. Biyoota sadeen gidduutti wantoonni irratti waliigalaman hunduu faayidaa hundaa kan mirkaneessan ta'uu qaba jedhani. ''Dhimmi bishaan guutuu hojii keenyarratti dhiibbaa hin qabu'' Bishaanni hagamii fi yeroo hagamii keessatti akka kuufamu walii galteedhaan murtaa'a kan jedhan Injinar Kiflee Horroo haala roobaa irratti hundaa'uudhaan waggaa afurii hanga torbaa keessatti akka guutu haasa'amaa jira jedhan. ''Garuu haalli guutiinsa bishaanii ijaarsa hidha kanaarratti homaa dhiibbaa hin qabu, tarii wayita elektirikii maddisiisuu eegallu dhiibbaa qabaachuu danda'a,'' jedhan. ''Hidha kana guutuuf bishaan meetir Kiyuubii biiliyoona 74 barbaachisa. Waggaatti guutuuf utuu jennee bishaan nuti qabnu meetir kiyuubii biiliyoona 49 qofa ta'a.''Kanaafuu bishaan sana guutummaatti yoo cufneyyuu waggaatti guutuu hin dandeenyu.'' Bal'inni lafa bishaan irratti kuufamuu ykn haroo nam-tocheen uumamu ammoo kiilomeetir iskuweerii 1874 ta'a jedhu Injinar Kifleen. Mootummaan Itoophiyaa akkuma waadaa gale bishaanni guutamu kun warra yaa'a gadiirratti akkaataa dhiibbaa hin geessifneen akka ta'u hojjechaa jira jedhan. ''Akkaataa yaad-rimee walii galtechaatiin jalqabarratti bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 4tu guutama. Kunimmoo dhibeentaa 10 bishaan yaa'a Abbayyaa keessa waggaatti yaa'uullee hin ta'u.'' ''Hidhaan Abbayyaa wayita guutummaatti bishaan guutu gadi fageenya meetira 640 qabaata, jalqaba kana meetira 560 guutuuf bishaan meetir kiyuubii biiliyoona afur fayyadamuurratti haasa'amaa jira.'' ''Isa boodas kan guutamu kanarraa hin fagaatu. Olka'iinsi hidha ijaaramaa jiruu garuu meetira 145 dha. Bishaan guutamu isaa gadi ta'a jechuudha.'' Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa yuunitiiwwan yookiin tarbaayinoota elektirikii maddisiisan 16 qaba. Tokkoon tokkoon isaanii meegaa waatii 375 maddisiisu, ammaaf yuuniitiiwwan lama xumuramaa jiru jedhan Injiner Kifleen. ''Waggoota lamaan dhufan keessatti tarbaayinoonni lama ni xumuramu. Akkuma tarbaayinoonni kunneen xumuramaniin bishaan isaan sochoosuuf barbaachisan kuusna. Kunimmoo bishaan baay'ee miti.'' Bishaan ni ittifama jechuun guutummaatti cufamee hidha sana keessatti hafa jechuu miti jedhan. ''Hammi murtaa'ee ni kuufama, kaan ni darba. Yoo jenereetaroonni keenya hojii jalqaban isa erga sochoosee booda bishaanni darbee deema." "Hanga jenereetaroonni hojii egalanittis ujummoowwan bishaan sana dabarsuudhaaf hojjetaman waan jiraniif, isaan banuudhaan osoo hammi bishaanii hin hir'atin dabarsuu dandeenya,'' jedhan. Kaayyoo marii Kaayiroo Xiyyeeffannaan marii Kaayiroo inni ijoon dhimmoota teeknikaa irratti gabaasotaa fi yaad-rimeewwan ogeeyyiidhaan dhiyaatan irratti mari'achuun qajeeltoo gara fuulduraa kaa'uudha. Masrii bakka bu'uun marii kanarratti kan argaman Ministira Bishaanii biyyattii Dr. Mahammad Abdul Atiiti. Waliigalteerra gahamuubaatus miira waliif tumsuun mariin mari'atamaa jiru biyyoota biroofillee waan fakkeenya ta'aati jedhan. Hidhicha bishaan guutuu fi qabiyyee bishaanii hidhicha keessaa gadi dhiifamuu ilaalchisee wanti hunduu akkaataa biyyoota sadeen hin miineen ta'uu qaba jedhan. Ministirri Bishaanii fi Jal'isii Sudaan Pirofeesar Yaasiir Mohammad Abbaas mariin hidha haaromsaa Itoophiyaarratti mari'atamaa jiru bu'a qabeessa ta'uu ibsan.
oduu-50328218
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50328218
Haruun Ahimad: 'Gidiraa gammoojjii Sahaaraa sabaa fi amantaan wal danda'uu nu barsiise'
Akka nama gammoojjii Sahaaraa irraa hafeetti, warra waliin imalaa turre waliin akki itti kaane, akka nu wal goonee fi akka taane yoon laalu, ilmi namaa hagam wal danda'ee waliin deemuu akka qabu erga guddaa qaba jedha Haruun Ahimad.
"Namicha tokkotu dhufee nu bitate kuma sadi sadiin" - Haruun Ahimad Godina Baalee aanaa Agaarfaatti dhalatee kan guddate Haruun, "wanni dargaggoota Oromoorra gaha ture, anas hin hanqanne" jedha. Haa ta'u malee kan biyyaa isa baase rakkoo dhuunfaati. Bara 2013 Shaashamanneerraa ka'ee Sudaan gale. Sudaan wagga tokko erga turee booda hiriyoota isaa afurii fi baqattoota kaan waliin wal gurmeessuun jalqaba bara 2014 gara Liibiyaatti qajeele. "Kaartuum keessaa achi gadi nu baasanii lammilee Eertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan akkasumas lammilee Itoophiyaa saba kaan waliin bakka wayiitti walitti nu qabani." Gidiraan gaafuma Kaartuum keessaa qajeelan akka isaanirra gahuu eegale hima. "Bakka walitti nu qaban kana osoo hin gahiin, ijoollee waliin deemnu warqii fi waan isaan harkaa qaban hunda irraa qulqulleessanii, shamarran wayyaa irraa baasanii sakatta'anii, waa hunda irraa guurratanii, salfiin nu oofani." Bakki itti walitti nu qaban sun gammoojjii ta'uu malee eessa akka ta'e baruu hin dandeenye jedha Haruun. Bakka itti walitti qabaman san guyyaa lama buluu kan dubbatu Haruun, "san booda makiinaan Sahaaraa nuun deemu waan dhufeef, makiinaa san korree imala eegalle" jedha. Haa ta'u malee konkolaataa irratti bakka qabachuuf jecha namni akkuma wal beekuun, sabaan garee uummatee wal loluu eegale jedha. Namoonni 98 konkolaataa tokkoon imala gammoojjii Sahaaraa tokko jedhanii waliin eegalan. "Akkuma afaan dubbannuufi wal beeknuun bakka qabannee wal bira teenye" jedha. Imala gammoojjii Sahaaraa kan halkanii guyyaa deeman, guyyoota afur erga imalaniin booda ammas namni wal tumuu eegalee jedha Haruun. "Namni nyaata kan ofii fe'atee kan namaa wal jalaa nyaachuu eegale, sababa kanaanis gareen wal qoode wal tumuun dhufte." Waliin qofa osoo hin taane namicha isaan fuudhee deemaa jirunillee wal loluu dubbata. Waan wal loluun dhale Imala eegalanii guyyaa torbaffaatti daangaa Masirii, Sudaan fi Liibiyaa bakka godaantota itti wal harkaa fuudhan gahan. Achitti garuu waan hin eegnetu isaan mudate. "Namichi silaa Liibiyaa irraa nu fuudhuuf dhufe hidhattootaan bakka sanatti qabamee ture. Ani qabameera hin dhufinaa jedhe kan Sudaan irraa nuun deemaa jiruuf ergaa dabarsees ture." "Namichi Sudaan irraa nuun deemu garuu waan nu waliin wal loleef, callisee itti nu oofe" jedha. "Gaafa geenyu konkolaataan nutti marsanii qawwee nutti qabanii, nuyis, kan nu fides, kan nu fuudhuu dhufes makiinarratti ol nu yaasanii nuun kutan." Gareen isaan fuudhe kun hidhattoota ta'uu malee eenyummaa isaanii wanni beekan hin jiru. "Gammoojjiidhuma keessaa nutti yaa'ani, gara makiinaa saddeetiin nu marsan," jedha. "Hidhattoonni kunneen nyaataa fi bishaan malee guyyaa lamaa fi halkan lama erga nuun deemanii booda bakka wayiitti nu buusanii, maallaqa kafaltan malee asii hin deemtan nuun jedhani" jedha. Mata mataatti doolaara kuma 5 akka kafalan gaafatamuus ni dubbata. "Nu dhiisi innumti Liibiyaa irraa nu fuudhuu dhufe mataan isaa bakka jirru eessa akka ta'e hin beeku ture" jedha. Warri doolaara kuma 5 kafaluu dandeessan konkolaataa kora, warri hin dandeenye hin korinaa jedhamuus hima. "Warri Itoophiyaa hundi keenya hin qabnu jennee didne. Uummannii Eertiraa baay'een, warri Sudaanis nu biraa koran." Nu hin qabnu hin kafallu jennaan achumatti nu dhiisanii qajeelani jedhe. Takka erga deemanii booda as deebi'anii, ulee fi qawween humnumaan ol nu yaasani jedha. Hidhattoonni godaantota ugguranii maatii maallaqa ergisiisuun ykn dabarsanii gurgurachuunwaan baramaadha. "Guyyaa sadii erga nuun deemanii booda, sahaaraa keessa bakka nama itti gurguratan geenye. Uummanni kan ji'a afurii ol achi taa'e, kan uffanni irraa dhumatetu achi jira, ilma namaa hin fakkaatu." Namoota 200 oltu achi jira irra caalaa namoota Somaaleetu hedduummata jedha Haruun. "Nuti ni turra jennee hin yaadne bishaanis, nyaatas waan qabnu hurgufne jaraafis kenninee gaafa jennu, dhufanii kuma 4 mata mataatti kafaltan malee asii socho'uun hin jiru nuun jedhani," jedha. "Bakka sanatti fedhan guyyaatti fedhan guyyaa lamatti al takka nyaataafi bishaan namaa kennan. Sanarraan galgalli tumaa, ganamni tumaadha." Namni maatiitti bilbilee maallaqa akka erguuf jecha akka malee nama reebu jedhe. Walumaagalatti baatilee afuriif achi turuu kan himu Haruun, "uffanni nurraa dhumatee, namuu wal dagatee, addunyaa deemnuuf Sanaa daganne," jedha. Bakka kanatti dargaggoo Oromoo tokko dabalatee lammileen Somaaliyaa 12 gidiraa irraa gahaa turee fi gammoojjii dandamachuu dadhabanii lubbuu dhabuu Haruun ni dubbata. "... kalee wayiituu hin qabdu" Gidiraa kana hunda gidduutti warri afaanii fi sabaan wal qoodee jalqaba wal lolaa ture eenyummaa ofiiyyuu dagatee, walii gadduu fi wal gargaaruu hima. "Nu keessa namni tokko yoo du'e, dheebuun du'e jennee warra hafaniif bishaan akka nuuf kennan hanga haarsaa lubbuu waliif kafaluuf murteessuurra geenyee turre" jedha. "Gaaf kaan warri kale namaa bitu dhufanii nu laalanii, kuni ofiifuu dadhabdee jirti, kalee wayiituu hin qabdu jedhanii nurraa deemani" jedha. Booda warri achitti isaan qabanii turan maallaqas, abdiis homaa irraa dhabnaan nama kaanitti dabarsanii akka isaan gurguratan dubbata. "Namicha tokkotu dhufee nu bitate kuma sadi sadiin, ati asumaa nu baasi malee ni kafalla jennee duuka kaane." Nama kana waliin halkanii guyyaa guyyoota afuriif erga deemanii booda daangaa Liibiyaa qaxxaamuranii magaalaa Sabaah jedhamtu takka gahu dubbata. "Gammoojjii keessatti warri nuun deeman biyyee (cirracha) hammaaranii ilaalanii biyya kam akka jiran baru, nu eessa akka turre waan beeknu hin qabnu" jedha. "Namichi nu bite magaalaa Sabaah jedhamtu sana keessatti akka nama biyya bulchuuti. Maallaqa isaa kan kafaltuuf yoo taate, magaalaa keessa deemuu dandeessa." "Magaazanatti nu naqe, tumaan mana sanii kan himamuu miti. Uummata sibiilaan dugda keessa tuman." Saba, amantaa fi namooma Warri karaatti wal lolaa ture hundi san dagatee waan qabuun bishaanis taatu nyaata, kan bahe kan achitti hafeef silkii walii bilbiluun deeggarsa walii godhaa turan. "Harka duubatti si hidhanii, si tumaa mataan barmeela bishaanii keessa si buusu, achii ol si qabanii warratti akka bilbillu silkii nutti kennu." Haala kanaan warratti iyyannee warri waan qabu gurguree maallaqa jedhamne kafallee hidhaa magaalaa Sabaah ji'a tokkoo booda achii baane jedha Harun. Warri gidiraa kana waliin agarre hundi sabaafi amantiin osoo wal hin qoodiin wal gargaaraa turre kan jedhu Haruun, wanni itti hafne namooma qofa jedha. "Rakkoo sana keessatti amantii, sabummaa, gosaa fi ganda kana hunda namummaan akka caaltu hubanne" jedha. "Lafa gidiraa sana keessaa dursitee kan baate shamarreen lammii Eertiraa Tsiggee jedhamtu (maqaa abbaa hin yaadanne) maatii keenyatti nuu bilbiltee, olii gadi jettee kan achii nu baaste isheedha." Rakkoo hamtuu namni namummaa qofaan walii birmatee wal gargaaru kana keessatti Haruun, gaarummaa shamarree Addis Ashannaafi jedhamtun booji'ame. Inni amantaan Musliimaa, isiin ammoo Kiristaana. Haa ta'u malee kun wal jaalachuu isaan hin dhorkine. Sudaan irraa walumaan ka'an, gidiraa gammoojjii sahaaraa walumaan dabarsan. Namni amantaanis ta'e sabaan wal dhabuu hin qabu kan jedhu Haruun, "isin mazmurii isii anis salaataadhuma" jalalaan waliin turuu fi ilma tokkos irraa argatuu hima. "Seenaan keenya lamaan osoo himamee biyya Itoophiyaa araarsuu danda'a" jedha. Lafa hidhaa sanitti kan tumamu warra dhiiraa waan ta'eef ati bahi jettee birrii ishii anaaf kennite jedha. Sabaah gara Tirippoolii Akkaatuma maallaqni ergameefiin wal duraa duubaan mana hidhaa magaalaa Sabaah irraa kan bahan godaantonni kunneen gara magaalaa guddoo Liibiyaa Tirippoolii imala eegalaniis gidduutti nama biraan qabamanii hidhaman. "Ganama karra bananii daabboo tokko ol sii darbu, galgala dhufanii birrii fidi jedhanii si tumu," jedha. Kaartaa imala Haruun Ahimad fi hiriyoota isaa agarsiisu Haala kanaan guyyaa 18'f achi erga turanii booda achiis wal gargaaranii doolaara 600 mata mataatti kafalanii bahuu hima. "Uummanni waliin Sudaanii kaane kan dura rakkoo wal naqe, warra karaatti awwaalle malee akkasumatti kan dura bahe kan hafe wal gargaaraa Tirippoolii geenye." Tirippoolii ykn akka warri biyyaa waaman Tiraabiloos bakka baqattoonni itti wal gahan Kirimiyaa jedhamu gahan. Kiriimiyaan lafa baqattoonni bahaara qaxxaamuranii gara Awurooppaa deemuuf itti wal gahaniifi warri ammoo deemanii hin milkaa'iin itti deebifaman akka taate Haaruun ni dubbata. Waanuma baqataan dalagatu dalagataa baatii torbaaf achi turuus ni hima. "Baay'annee mana kireeffannee waliin galaa turre" jedha. Kaan dalagatee, kaan maatiinis deeggaree akkuma maallaqa argateen wal duraa duubaan bahara qaxxaamuranii gara Awurooppaa galuus ni hima. Wayita ammaa biyya Jarman kan jiraatu Haruun, inni milkaa'ee achi haa gahu malee namoonni gidira sana mara keessa bahan hedduun bahaara irratti nyaatamanii lubbuu dhabuu hima. "Dhalootatu dhume" jedha. "Namni jalqaba nama" kan jedhu Haruun, sabaa fi amantaan waan lammatarra dhufu jedha. Warri jalqaba sabaa fi amantaan wal qoodee wal tumaa ture, nama ta'uu isaan qofa gidiraa irraa wal baraaree lubbuu wal oolche. Yeroon biyya irraa itti yaa'an amma booda dhaabatuu qaba, warri bahee ala jirus, "miilaan galuu dhabus samuun galuu qaba, biyya ofii yeroon itti yaadatan amma tahuu qaba" jedha. Haruun fi Addis baatilee torbaaf wayita Tirippoolii turan akkuma amantaa isaaniitti bahaara irratti bishaaniin nyaatamuu akka isaan oolchu Waaqa kadhataa turan. Kabajaa fi jaalala waliif qabaniif jecha waa'ee amantaa jijjiirachuu takkaa walitti hin kaafne. Haa ta'u malee lamaanuu nama amantaa ofii jabeessan waan turaniif, waliin itti fufuu hin dandeenye. Amantaa walii kabajanii waliigalteen adda bahan. Lamaanuu biyya Jarmanii jiru, hariiroo gaariis qabu.
oduu-48735338
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48735338
Ministira Muummee Abiy: 'Haleellaan nurra gahe salphaatti kan ilaalamu miti'
Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad halleellaan Itaamaajoor shumii waraana Itoophiyaa Janaraal Sa'aara Mekonninin irratti raawwatame ''fonqolcho mootummaa'' naannoo Amaaraatti raawwateen waqabate ta'u Ibsa halkan qixeetti sabaa himaa biyyaalesssaa EBC'n darberratti dubbatan.
MM uffata danbii Waraana Itoophiyaa uffachuun haasaa taasisaniin yaalii fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraatti yaalameen qondaalloonni motummaa magaalaa guddoo naannoo Amaaraa, Baahir Daariitti, gariin ajjeefamuu fi miidhaan irra qaqqabu himaniiru. ''Angawoonni olaanoo Naannoo Amaaraa dhimma hojii wajjiin walqabatee walgahiirra osoo jiranii obbolootuma isaaniin rasaasaaan akka rukutamaniifii gariin ajjeefamanii gariin, miidhaan irra gaheera '' jedhan MM Abiy. Gocha naannichatti raawwatame kana balaaleffatan MM muummee Abiy, ''wanta naannoo Amaraatti raawwate to'achuuf miira itti gaafatamuummaa guddaan duula waraana Itoophiyaan gaggeefamaa ture kan dursaa turan Itaamaajoor shuumii waaraanichaarratti haleellaan raawatameera'' jedhaniiru. ''Namoota itti dhiyaataniifi bitamaniin galagala kana kana itaamajoorshuumii keenyaa jaalannu, kan kabajnuu irratti haleellaan raawwateera.'' MM Abbiyis ta'e aangawaan kamuu ajjeefamuu aangawaa waraanaa kana ifatti himuu baataniis, miidiyaleen garaagaraa du'uu akka hin oolle gabaasaa jiru. ''Yaaliiwwan waggaa 30 fi 40 dura yaalamee hin milkoofne, gara fuula duraattis hin milkoofne gareeleen tarkaanfachiisan muurasa ta'aniis, miidhaan nurraan gahan, haleellaan nurraan gahan salphaatti kan ilaalamu miti.'' Yalliin fonqolochaa Naannoo Amaaraa kan hin kanfashalaa'e ta'uu fi kanneen yaalii kana duuba jiran gariin qabamanii kaaniis barbaadamaa akka jiran himaniiru. Inatarneetiin biyyatiitti adda cituulleen gabaasaaleen mullisaniiru. Jiraatoonni magaalaa Baahir Daar ammoo dhukaasa qawwee dhagaa turuu himaniiru. Waajjiirri dhimma alaa Ameerikaa gama isaatiin Magaalaa Finfinnee keessatti dhukaasni qawwee jiraachuu ilaalchisee gabaasawwan jiran quba qabaachu himeera. Dr Abiy bara darbe gar aangootti kan dhufan yoo ta'u, dhiibbaa siyaasaa Itoophiyaa keesa ture hirrissuudhaaf hidhamtoota gadhiisuun, qoqophaa paartiilee siyaasaarra ture kaasuu fi qondaaltoota sabama mirgoota namoomaatiin himataman irratti himannaa banaa turee jira. Haa ta'u malee walitti bu'iinsa sabummaa umamuun lammiilee miliyoona 2'4 ol ta'an qee'esaanii irraa buqqa'aniiru, akka UN jedhaniitti. Maaltu uumame Dr Abiy Jeneraal Sa'aara Mokonninin qaamoolee hidhataniin haleelaan irratti raawwatamu ibsaniiru. Haalicha ilaalchisee ibsa gadi fageenya qabu kan kennee hinjiru. Akkasumas qondaaloonni muraasni naannoo Amahaaraati wayita hirriyoota isaanitiin 'haleellaan irratti raawwatameetti' walgahii irra turan. Dubbii himaan waajjira MM Obbo Nugusu Xilaahun ibsa dhimmicha ilaalchisuun TV biyyaaleessaatiif kennaniin, Ambaachoo Mekonnin pirezidaantii naannoo AMhaaraa irratti forqolchi gaggeefamee fashalaa'ee jedhee ture. Yaaliicha warra raawwatan to'annoo jala olchuuf sochii taasifamaa jiraachu himeera. Ibsichaanis paartiin naannicha bulchu shumii nageenyaa duraanii kan erga Abiy aangootti dhufeen booda hidhaatii bahee jeequmsicha duuba akka jiru himeera. Barsiisaan tokkoo Baahir Daarii Rooyitarsiitti akka himeetti, dhukaasni qawwee magaalattii keessatti gaggeefame yoo xinnaate sa'aatii afuriif ture. ''Jalqaba taateedhu barame wayi ta'a jedhee yaadeen ture, booda garuu sagalee rasaasaa gurguddaas dhagahu jalqabne,'' jedheera. Taateewwan Dilbataaf karoorfamanii turan hundi haqamuus TVn motumaa beeksiseera.
oduu-42945184
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42945184
Kaalaandarii Oromoo maaltuu kaaniin adda taasisaa?
Henni (kaalaandaariin) Oromoo Booranaa kan aadaa fi haala jiruuf jireenya uummata Booranaa waliin walitti hidhama cimaa qabu fi sirna gadaatiif illeen utubaa ta'usaa, qorattoonni seenaa ni dubbatu.
Obbo Jaatanii Diidaa qorataa aadaafi seenaa Oromoo Kaalaandarri Oromoo guyyaa fi ji'a lakkaa'uun alatti seenaa uummamaa fi wal duraa duuba uumama waaqaa of keessatti qabata jedhu Obbo Jaatanii Diidaa qorataan seenaafi aadaa Oromoo. Qorannoo urjiilee of keessaa waan qabuufis qorannoo saayinsii hawaa yookin astironoomii waliin hidhata guddaa qaba jedhu. Henni Booranaa waa'ee roobaa fi bultii waggaa beekuu waan dandeessisuuf qorataan aadaa Obbo Jaatanii Diidaa "henni Booranaa kaalaandara guyyaa qofa osoo hin taanee diizaayinii uumamaati" jedhu. Haalli lakkaawwii isaas akka kalaandaroota biroo dhaloota Kiristoos yookin Hijiraa ka'umsa kan godhate osoo hin taanee uumama waaqaa bu'ura godhata. Henni Oromoo Booranaa aduu osoo hin taane baatii hordofa Waa'ee Henna Booranaa irratti qabxiilee 11:
oduu-54009296
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-54009296
Sa'ud Arabiyaa: Lammilee mana hidhaa Sa’udii keessa jiranirrattti mootummaan maal jedhe?
Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman jireenya fooyya'aa barbaacha biyyaa bahan yeroo ammaa manneen hidhaa Sa'uudi Arabiiyaa keessatti guddaa rakkachuu himu.
Walwaraansa Yamaniifi weerara koronaavaayirasii keessa darbanii biyya itti baqatan, Sa'uudi, yoo gahan hidhaatti darbamuun isaanii 'waan yakka dalagneef miti orma waan taaneefi' jechuun himatu. Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis qorannoo dhihoo taasiseen lammiileen hidhattoota Huutiin 'Covid-19' tamsaastu' jedhamuun kanneen du'anillee akka jiran qoratee argatuusaa himeera. Abdiin tokkichi baqattoonni irraa eegan mootummaa Itoophiyaa yoo ta'u himu. Ta'us, kana dura kan biyyatti akka deebi'an gargaaran alatti deebi'anii akka isaan hin gaafanne dubbatu. Dhimma lammiilee Itoophiyaa ala jiraniirratti ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Kamisa ganama baaseen adeemsi biyyatti deebisuu sababa Covid-19 gufate jedheera. Haa ta'u malee, torban dhufu eegalee lammiilee 2,000 Sa'uudiiti baasuuf akka jedhu ibse. Kana dura garuu Qonsilaan Itoophiyaa Jiddaa jiru hamma weerarri koronaavaayirasii darbutti lammiileen Itoophiyaa hidhaa jiran 'bakkuma jiran akka obsan' gaafatanii turan. Dhihoommoo Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii mootummaan dhimma lammiilee Sa'uudiii jiranii akka hojjetu himan. Ta'us, baqattoonni birmannaa ariifataa akka taasifamu gaafatu. Waggoota lamaaf Itoophiyaa keessa konkolaachisaa ta'e kan dalage Abduun* galii wayyoo qau argatee maatii isaa deeggaruuf yaade hiriyyoota isaa waliin karaa Jibuutii gara Yaman kan qaxxaamure. Galaana diimaa qaxxaamuruuf birrii kuma 25 kanfaleera. Erga ce'ee Yaman gahe boodammoo gara Sa'uudiitti cehuuf Riyaalii 3,500 (gara birrii kuma 35 gahu) kanfaleera. Yaaddoo cimaa keessa ta'un galaana diimaa akka ce'an kan himu Abduun sababa weerara Civid-19 fi wal-waraansa biyyattii jiruun guyyoota 15'f Yaman taa'anii. Wal-waraansai Yaman erga eegale bubuleera. Weerarri vaayirasichaa garuu tasa kan dhufeefi Sa'uudii gahanii waan abdatan san dalaganii argachuuf danqaa akka itti tahe dubbata. Hidhattoonni Huutii Kaaba biyyattii to'atanimmoo inumaa 'vaayirasicha tamsaasaa' jirtu jechuun gara Sa'uudiitti achi dabarsuuf akka isaan yaalan kana dura qorannoon Humaan Raayitis Waach himeera. Jiraattonni manneen hidhaa Sa'uudi keessa jiraniifi dubbisnees rakkoon sababa kanaan lammiileen lubbuu dhaban akka jiranillee himaniiru. Yeroo muraasaaf bakka dahatan erga turanii booda bakkichaa gadhiisaa Kanneen manneen hidhaa keessa jiran garri caalu sababa koronaavaayirasii maqaa dhahuun hidhattoonni Yaman lafa inni to'aterraa kanneen ari'edha. Jarri Huutii lammiileen Itoophiyaa Yamani akka gadhiisanii Sa'uudi seenan godhu, jarri Sa'uudiimmoo daangaarratti lammiileen Itoophiyaa akka isaanitti seenan dhorkuun gidduutti rakkatani. Gareen Mirga namaaf falmu Humaan Raayitis Waach qorannoo jalqaba baatii Hagayyaarra baaseen lammiileen Itoophiyaa kumaan lakkaa'aman Kaaba Yamanii baafamuu ibsa. Kanneen du'an akka jiranillee kanneen hidhaa jiranirraa akka odeeffate ibseera. Dabalataan, Yamanii ''gara Sa'uudii baqattoonni ari'aman eegdota daangaan rakkoon biraa isaan qunnameera. Kanaanis, muraasni yoo du'an kan dhibbaan lakkaa'aman bakkeewwan Kaaba biyyattiitti baqataniiru,'' jedheera. Baqattoonni Itoophiyaa Yamanii bahanii gara Sa'uudi Arabiyaa akkuma seenanii weerara koronaavaayirasii hordofee erga hidhaa amma keessa jiranii seenan ji'a jaha ta'uufi. Baqattoonni Itoophiyaa hedduu lammiilee Itoophiyaa ta'an bakki jiran mana hidhaa osoo hin taane ''si'oolii lafarraatii'' jechun BBC'tti dubbataniiru. Kanneen hidhaa jiran rakkoo nyaataa, qulqullinaa, walitti baay'achuufi kaan biroo himatu. Baqataan Itoophiyaa tokko dubbisne manni hidhaa keessa jiran galma 20 ol akka qabu ibsa. Tokko isaa keessa baqattoonni 400'tti tilmaamaman qulqullina gahaa malee hidhamaa jiraachuu himu. Baqattoota mana hidhaa keessa jiranirraa baqattoonnbi BBC'n dubbise ji'oota muraasaas bakka jiranitti balballi itti cufame ala argani akka hin beekne himu. Sababa haala rakkisaa keessa jiranirraa kan ka'e rakkoo xinsammuu isaan mudataa jira. Inumaa isaan keessaa ''lamaan of galaafataniiru'' jechuun baqattoonni himaniiru. Lammiileen Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'uudi keessa jiran hedduu ta'us ji'oota muraasa dura Yamanii baafamanii kana chi seenan meeqa akka ta'an hin beekamu. Baqattoonni garu hanga kuma afur gahu jechuun tilmaamu. Dubartoonn qofaatti galma biraatti hidhamani. Haala rakkisaan manneen hidhaa keessatti turuu isaaniin uffanni isaaniirratti dhumee rakkachuu himu. Qulqullinni dhibuu hordofee rakkoo fayyaa gogaaf saaxilamu himu. Manneen hidhaa keessa daa'immaniifi kanneen ulfa ta'anillee akka jiran dubbatu. Wal'aansa akka argatan taasifamus qorichi kennamuufi garuu kan dhukkubsa isaanii fayyisu miti jechuun komatu. Dubartoonni akka himanitti itti - gaafatamtoota manneen hidhaaf gara biyya isaanitti akka galchan irra - deddeebiin gaafachuufi ''dhimma kana kan ilaallatu mootummaa biyya keessani'' jedhamuu isaanii baqattuun tokko BBC'tti himteetti. Sababa kanaafis, waan mootummaan Itoophiyaa isaaniif gochuu danda'u osoo eeganii jiini muraasa darbuu himan. Mana hidhaa Jiizaan keessatti Lammii Itoophiyaa dhaabbanni the Telegiraaf jedhamu dubbisee tokko gaabbii amma keessa jiru wayita ibsu, ''Balleessaan kiyya biyyaa bahu kooti. Akka biseensaatti nu ilaalu. Guyyaa guyyaan reebichatu nurratti raawwatama. Karaan asi bahuun hinjiru taanaan ofiin ajjeesa. Namoonni tokko tokkoos kana raawwataniiru'' jedheera. Godaansa: Yamanitti hidhattoonni Huutii godaantota Itoophiyaa ajjeesaafi ari'aa jiru Lammiilee Itoophiyaa Mana Hidhaa Jiizaan keessatti argaman BBCn dubbisees akka jechuun haala keessatti argaman dubbatu: ''Eddoon dhaloota kiyyaa Awaddaayii yoo ta'u, ergan gara kana dhufe waggaa tokko. Ergan mana hidhaa kanan galfamee ammo baatii shan gaheera. Kutaa tokko keessattis dubartoota hedduu taanee jirra.'' Kana malees ''Mana hidhaa kana keessatti rakoo addaatu nu mudataa jira. Bishaan hinargannu, uffata hinqabnu, dhiqachuuf saamunaan hinjiru, walumaa galatti haala keessatti argamnu ibsuuf sammuun kiyya sirriin yaadee sitti himu hindanda'u'' jechuun BBCtti himte. Baqataan gara biraa dubbisne haalli keessatti argaman baayyee lubbuusaniif yaadeessu ta'u dubbata. Huseen akka jedhuutti namoonni baatii jahaa hanga baatii torbaa mana hidhaa kana keessaa turan jiru. ''Kutaa tokko keessatti namoota 360 ta'uun jirra. Walumaa galatti namni mana hiidha kana keessatti argamu gara nama kuma shanii ni ta'u'' jedha. Shamarreen biraa dubbifnee ammo ''dubartoonni ulfaafi daa'imman illeen jiru. Bakki ciisaa hinjiru, bishaan qulqulluu miti. Dubartoonni ulfaa sababii reebichaatiin ulfi irraa bahee fi kannneen dahanii ijoolleen isaanii bakka gahan hinbeekamne jiru'' jetti. Itti dabaluunis ''dubartoonni ulfaa dhukkubee mana yaalaa deemuuf gadi bahan waan reebamaniifu, ulfi irraa baha. Hirriiyyaan kiyyaa tokkoos mana yaalaatti erga deesseen booda mucaanshee eessa akka jiru hinbeekamu. ''Yeroo ofi bartu mucaan kiyya eessa jira jettee gaafannaan 'du'eera' jedhaniin'' jechuun shamarreen maqaanshee akka eeramu hinbarbaannee tokko. Gaaffiin lammiileen kunneen hundi motummaaf dhaaman walfakkaataadha. Innis 'maaloo lubbuudhaan gara biyya keenyaatti nu haa deebiisuu' kan jedhuudha. Mootummaan maal yaade? Caamsaa 2017 hanga Bitootessa 2020'tti lammiilee 400,000 Sa'uudi Arabiyaarraa baafneerra kan jedhe Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaan lammiileeshee simachuu diddee hin beektu jechuun ibse. Haa ta'u malee, lammiilee alaa yeroo galchun qindoomina qaamolee biyya kessaafi alaa garaa garaa gaafata jechuun yeroo fudhatuu akka malu akeeke. Dabalataan garuu, weerarri koronaavaayirasii akka danqaa ta'e ibseera Dhimma lammiilee hidhaa jiranii dursa kenneefi hojjetaa akka jiru kan hime ministeerichi, baatii Ebla - Adoolessa bara 2020'tti lammiilee 3,500 Sa'uudiiti baasu beeksiseera. Haa ta'u malee, lakkoofsi godaantota Itoophiyaa akkaan dabaluun mootummaa Sa'uudillee yaaddessuu isaa ibse. Ta'us mootummaan Sa'uudi Arabiyaa isaan simachuu hin dhiiifne jechuun isaafiis galata akka qabu mootummaan Itoophiyaa ibsa baasen himeera. Haa ta'u malee, torban kana Fulbaana 8 eegalee lammiilee 2,000 Sa'uudiiti baasuuf akka jedhu ibseera. Hojjettonni addatti Imbaasii Itoophiyaa Sa'uudi jiru keessa dhimma baqattootaa akka hordofan akka ramadaman kan ibse ministeerichi, godaantonni rakkoo xiinsammuu garaa garaaf akka saaxilamu danda'an ibseera. Kunis, imala seeraan alaan adeemuu, harka kanneen isaan imalchiisaniin dararamuu, fi kaan akka jiraachuu malan ibse. Abdii mootummaa Guyyaa tokko qondaalli mootummaa tokko Imbaasii irraa deemee biyyatti isaan deebisuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu erga itti himee ergasii namni deebi'ee isaan ilaale akka hin jirre dubbatu namoonni kunneen. Lammiileen Itoophiyaa jireenya fooyyee qabu barbaacha karaa dheeraa fi biyyoota hedduu miilaan qaxxaamuruun karaa sa'uudiitti imalan amma du'aa fi jireenya gidduutti argamu. Dubartoota Itoophiyaa mana hidhaa Sa'uudii keessa jiran keessaa tokko kan taate Masarat ijoolleeshee guddisuu fi maatiiwwan ishee jaaran gargaaruuf jettee maallaqa qabdu hunda baasu himti. Erga Sa'uudii seentee booda mana hidhaa keessatti wayita of argitu jiruu fi jireenya harkaa baduu dubbatti. Dubartoonni biroon kutaalee biyyattii garaagaraa keessaa babba'anii ishee waliin jiranis rakkoo walfakkaataa keessa jiraachuu dubbatti Masarat. Kan yaadanii ba'an hafee mana hidhaatti darbamanii maatiinis abdii kutachuusaanii wayita yaadatan hedduunsaanii sammuunsaanii miidhamee jeeqamaa jiraachuus dubbatti. Dirree waraanaan raafamaa jirtu, Yaman fi biyyoota Arabaa kaan qaxxamuranii akkasumas weerara koronaavaayirasii dandamatanii wayita bakka ka'aniif, Sa'uudii Arabiyaa, ga'an mana hidhaatti darbamuun guddoo isaan miidhuu himu. Manni hidhaa ji'oota hedduuf itti hidhaman balfa garaagaraan kan guutame, balfi mana fincaanii akka itti seenuu fi reeffa waliin ija keessa wal ilaalaa akka jiraataa jiran dubbatti Masarat. Rakkkoo hanqina qulqullinaa fi walirratti heddummaachuurraa kan madde hidhamtoonni hunduu dhukkuba gogaafi fuulli iita'uuf kan saaxilamaniidha jetti Masarat. Rakkoo hamma kana keessa taa'anii yaalii fayyaa argachuu akka hin dandeenye kan dubbatan hidhamtoonni kunneen, inumaa wayita gaaffii akkasii dhiyeessan eegdota mana hidhaatiin akka garmalee reebaman dubbatu. Lammiin Itoophiyaa mana hidhaa Sa'uudii jiru kan biraan Abduu jedhamu, ''mana hidhaatti kan darbamneef yakka dalagnee osoo hin taane biyya ormaa waan ta'eef. ''Hojjennee jijjiiramna jennee baanee sababa koronaavaayirasiif mana hidhatti nu darban. Rakkoo hamtuutu harkaa nu qaba'' jedhe. Fedhiin baqattoota kunneenii nagaadhaan gara biyyatti deebi'uudha, kan waadaa galameefis kanuma, garuu kun hin taane. Haala amma keessa jiraniin garuu baqattoonni kunneen lubbuudhaan maatiisaanii waliin walitti deebi'uuf abdii dhabu himu. ''Mootummaan Sa'uudiis ta'e Itoophiyaa nu dagateera. Kanaafidha rakkoo addunyaarraa isa hamaataa keessa teenyee yeroo keenya kan eeggataa jirruuf,'' Jechuun aariin dubbata Abduun. Masaratii fi Abduun ammallee abdii hin kutanne, abdiinsaanii inni dhumaa mootummaa Itoophiyaarra jiraachuu dubbatu. Dararaa kana keessaa ba'anii guyyaa tokko ija maatiisaanii arguuf, abdiisaanii mootummaa Itoophiyaarra kaa'ataniiru. BBC'n dhimma kanarratti Imbaasii Itoophiyaa Sa'uudii jiru akkasumas minsteera dhimma alaa Itoophiyaa dubbisuuf yaaliin godhe hin milkoofne. Dhimma dararaa lammiilee kunneen irra ga'aa jiru ilaalchisee gabaasa barruun biyya Ingiliiz 'Daily Telegraph' jedhamu gabaase hordofee dhaabbata mootummoota gamtoomanii dabalatee dhaabbileen idil addunyaa hedduun Sa'uudii Arabiyaarrati gaaffii kaasuun gocha kana balaaleffataniiru. Kanarratti mootummaan Sa'uudii karaa Imbaasii isaa Landan jiruu gabaasa barruu kanaaf deebii kenneen mana hidhaa jedhame keessa dhuguma rakkoon akkanaa yoo jiraate akka qoratee sirreessu himeera. *Nageenya isaaf maqaan kan geeddarame.
oduu-46519674
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46519674
Gaaffiin aangoorraa buusuu pirezidaantii Somaaliyaa irratti dhiyaate 'kufe'
Mormii walitti dhufeenya pirezidaantiin Somaaliyaa oggantoota Itoophiyaafi Eeritiraa waliin uuman irratti ka'een miseensoonni paarlaamaa Somaaliyaa 92 ta'an, wixineen aangoorraa kaasuu Dilbata darbe dhiyeessanii turan kufuunsaa dhagahame.
Gaaffiin aangoorraa buusuu Pirezidaantii Mohaammad Abdullaahi Farmaajo irratti miseensota paarlaamaa Somaaliyaan dhiyaatee ture deeggarsa dhabuun kufuunsaa barameera. Ibsi waajjira paarlaamaa biyyatti irraa argame akka ibseetti, miseensoota 92 waliin iyyata galfatan keessaa kanneen 14 ta'an maqaasaanii waan haqaniif, adeemsa aangoorraa kaasuu gaafachuuf lakkoofsi gutamuu qabaatu osoo hin guutiin hafeera. Miseensoonni 14 kunniin maqaasaanii dogongoraan itti fayyadaman malee, gaaffiicha kan hindeeggarre ta'uu himaniiru. Qaamoolee pirezidaantichi aangoorraa akka bu'uuf gaafataniis, heera biyyatti cabsuun Itoophiyaa fi Eertiraa waliin waliigalteewwan iccitii mallatteessera akkasumas kophaasaanii abbootii seeraa fi ajajawwan loltuu muudaniiru jechuun himatu.
46313462
https://www.bbc.com/afaanoromoo/46313462
Alaabaan gamtaa Afriikaa kan Itoophiyaa cinatti miirmirfamuufi
Alaabaan gamtaa Afriikaa bakka alaabaan Itoophiyaa itti miirmirfamu hundatti cinaa ta'ee akka mirmirfamuufi fi faaruun gamtaa faaruu alaabaa biyyattii walin akka faarfamuf wixineen labsii qophaa'ee kaabineef dhiyaachuu isaa dubbi himaan ministeera dhimma alaa Mallas Alam ibsa har'a kennanin himan.
Murteen kun biyyaalee miseensoota gamtaa Afriikaatin bara 2013'tti murtaa'e kun mariin uumataa erga irratti taasifame fi hojiin hubannoo uumuu erga hojjetamee booda hojiirra akka oolu dubbatan. "Murteen kun murtee mootummaan Itoophiyaa obboleeyyan keenya biyyoota Afriikaa garaagaraa Itoophiyaa akka biyya isaaniitti Finfinnees akka magaala guddoo isaaniiti akka ilaalan taasisuuf fudhatedha" jechuun Mallas Alam himan. Kana malees walgahiin addaa 11ffaa gamtaa Afrikaa milkaa'inaan fi haala faayidaa lammiilee Itoophiyaa eegsiseen xumuramee kan jedhan dubbi himaan kun rifoormiin gamticha keessatti taasifamu bifa faayidaa uummata keenya eegsiseen akka adeemsifamu hojjetameera jedhan. Walgahicharrattis preezidaantootni 17, ministirawwan mummee lama fi itti aantootni ministira mummee sagal waliigalattis hooggantootni olaanoo 28 hirmaataniiru. Hooggantootni Itoophiyaa gara biyyaalee biroo osoo hin deemin baasii xiqqaan hooggantoota biyyaalee fi dhaabbilee walin asumatti akka mari'atan taasisuunis danda'ameera jedhan Mallas Alam. Ministirri mummee Abiy Ahimad, preezidaant Saahilawarq Zawdee fi ministirri dhimma alaa Dr Warqinah Gabayyoo hoggantoota biyyaalee akka Keeniyaa, Sudaan, Jibuuti, Afriikaa Kibbaa, Tuuniziyaa, Giinii fi Angoolaa akkasumas hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa walin mari'ataniiru. Taanzaaniyaa waliinis lammiileen Itoophiyaa biyyattii keessatti argaman 224 dhiifamni godhameefii gara biyyaatti akka deebi'an irratti waliigalameera jedhan. Kana malees daandiin xayyaaraa Itoophiyaa gara magaaloota gurguddoo biyyaalee lixa fi kibba Afrikaatti balallii akka eegaluf gaafin aangawoota biyyaalee irraa dhiyaachusaas dubbi himaan ministeera dhimma alaa himaniiru. Bu'uura nagaa eegsiiftoota Gamtaa Afrikaa irratti haleellaan baname yaada biyyaaleen tokko tokko lakkoofsi hojjettoota tajaajila waliigalaa gamtaa Afriikaa 'quota' dhaan yaa ta'u jechuun dhiyeessan mormuun faayidaan lammiileen Itoophiyaa gamticha keessatti hojjetanii akka eegamu taasifameera jedhan Mallas Alam. Kana malees yaadni ministirri mummee Abiy Ahimad misooma humna namaa irratti dhiyeesan fi yaadni lakkoofsi komishinarootaa gamtichaa saddeet turan gara jahaatti akka hir'atuf dhiyaate fudhatama argachuunsaanii milkaa'inawwan Itoophiyaan walgahii kanaratti argatte keessaa isa biraati jedhan. Fooramiin diinagdee Chaayinaa fi Itoophiyaas akka adeemsifamu kan himan dubbi himaan ministeera dhimma alaa Mallas Alam fooramii kanaratti hirmaachuf jiilli diinagdee namoota 100 ta'an of keessatti qabate Finfinnee galuusaa himan. Jiilli kun turtii isaa Finfinneetin angawoota ministeera dhimma alaa, dhaabbilee daldalaa fi abbootii qabeenyaa walin ni mari'ata.
oduu-48412842
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48412842
Hogganaan duraanii mana hidhaa Ogaaden qabamani Itoophiyaatti dabarfaman
Hogganaan duraanii mana hidhaa Ogaadeen Haasan Deere to'annoo jala oolan.
Hogganaan duraanii Haasan Ismaa'el Ibraahim [Haasan Deere] daangaa Somaaliyaan Itoophiyaa daangessitutti qabaman Mana hidhaa naannoo Somaalee argamu kana keessatti dararaan guddaa hidhamtoota irratti raawwachaa turuutu himama. Hogganaan duraanii kuni Haasan Ismaa'il Ibraahim kan jedhaman yoo ta'u maqaa masoo ''Haasan Deere'' jedhamuun beekamu. Hogganaan kuni Somaaliyaa keessa to'annoo jala kan oolan yoo ta'u Itoophiyaatti dabarfamani kennamaniiru. Yeroo ammaas gara Jigjigaa geeffamaa kan jiran yoo ta'u himannaan bakka itti baname Finfinnee akka geeffamu danda'anis himameera. Maddeen BBC'tti akka himanitti Haasan Deeren daangaa Somaaliyaan Itoophiyaa daangessitu, magaalaa daangaa irra jirtu Goldagobitti eeruu jiraattonni humnoota nagaaf kennanin to'annoo jala oolan. Haasan Deeren dararama hidhamtoota irratti naannoo Somaalee keessumaa mana hidhaa Ogaaden [Jel Ogaaden] jedhamutti raawwatef gahee olaanaa qabu jedhamani kan barbaadamaa turan. Pirezidantii duraanii naannichaa Abdii Omar dabalatee shakkamtoota 40 ol ta'aniifi sarbama mirga namoomaan kanneen himannaan itti baname keessaa tokko akka ta'anis himameera. Qondaalli kuni eenyu? Qondaalli kuni bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti yeroo adda addaa itti-gaafatama nageenyaafi basaasa irratti tajaajilaniiru. Isaan keessaa, hogganaa nageenyaa naannoo Somaalee, hogganaa manneen amala sirreessaa naannichaa, hogganaa mana hidhaa Ogaaden, akkasumas poolisii naannoo keessa koloneela ta'un tajaajilaniiru. Hidhamtoota mana hidhaa Ogaaden irratti wantoonni sukkaneessaa raawwachuu mootummaan naannichaa fi kan federaalaa ibsuun isaanii ni yaadatama.
oduu-53242297
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53242297
Ajjeechaa Haacaaluu: Sirni awwaalchaa Art.Haacaaluu Hundeessaa Kamisa dhufu raawwatama
Sirni Awwaalchaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa Iftaan jechuuniis Kamisa dhufu raawwatama.
Sirna Awwaalchaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa Kamisa dhufu magaalaa Ambootti raawwachuuf koreen ijaaramee socho’aa akka jiru miseensa koree sirna kana kan ta’an Pireezidantiin Yunivarsiitii Amboo Dr. Taaddesee Qana’ii BBC’tti himan. Ganama reeffaa simachuuf fira dhiyoo waliin gara Finfinnee imalanii akka turan kan nutti himan Dr. Taaddasaan reeffii erga Ambootti qajeelee Finfiinneetti deebi’ee isaaniifi maatin dhiyoon biroon osoo Finfinneedhaa Ambootti hin deebi’iin reeffi Hilikooptaraan magaala Amboo gahuu dubbatu. Ammatti miiraa jirurraa kan ka'e waayee sirna awwaalchaa mariyachuun rakkisaa waan ta’eef bor gaggeessan haala kamiin akka raawwatamu koreen hundaaye ni mariyataa jedhan. ‘‘Hanga ammaatti marii jiruun jiruun awwaalchi kan gaggeefamu Kamisa ta’aa sagantaalee biroommoo bor mariyannee ibsinaa’’ jedhan. Sirni Awwaalchaa kun magaala Ambootti akka rawwatamu fedha maatii akka ta’eefi reeffiis bu’uura kanaan gara Magaala Ambootti ergamuu Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa OBN’tti himanii turan. Dhuguma awwaalchi akka magaala Ambootti raawwatamu fedha maatiitimoo dhiibbaatu jira gaaffii jedhu kaasneefii kan turan Dr. Taaddesee, ‘‘dhimmanarraa waa hedduu hin beekuu, hin hubannee’’ jedhan. Miirri gara qe’ee fi magaala keessa jiru isaan gaafanneefis ‘‘miira maal gaafatta, waanuma goonu dhabne malee nagaa hin qabnuu, baayyee rakkoo keessa jirraa’’ jedhan.
oduu-45094260
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45094260
Haasan Ruhaani: qoqqobbiin Ameerikaa waraana xiin-sammuuti'
Pirezidaantiin Iraan Haasan Ruhaanii qoqqobbii Yunaayitid Isteet biyya isaanii Iraan irratti keesse balaaleeffatan.
Pirezidantii Iraan Haasan Ruhaani Qoqobbii eda galgala hojiirra ooluu eegale ''waraana xin-sammuu lammiilee Iraan addaan foo'uuf'' yaadamedha jedhaniiru. Qoqqobbiin kuni daldala boba'aa biyyattii irratti dabalatee damee biyyattii hedduu irratii dhiibbaa uuma. Gamtaan Awurooppaa dhaabbilee seera hordofanii hojjetan ni miidha yaada jedhun murtee kana mormee ture. Qoqobbiin kuni waligaltee Yunaayitid Isteet Iraan waliin bara 2015 seente keessaa erga baate booda yeroo bulchiinsa Pirezidaant Tiraamp dhufedha.
oduu-44333209
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44333209
Torbee suuraa Afrikaa: Caamsaa 24- 31, 2018 itti
Filannoo suuraawwan mimmiidhagoo lammiiwwan Afrikaa fi addunyaa mara irraa
Mahammad Gaassaamaa nama lammii Maalii yoo tahuu gochaan inni gamoo yaabbachuun daa'ima baraaruuf taasise torbee kana keessa qalbii namoota baayyee hawwatee ture. Pireezidantiin Firaansis masaraa isaanitti kabajaan isa affeaaraniiru. Roobii darbe Maalitti, hogganaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuteerees daawwannaa yenna taasisan nama otoo masjiida Mooptii keessa taa'uu suuraa ka'e Masrii magaalaa Kaayirootti namoonni jagna isaanii Mo Saalaa yeroonni Liivarpuuliif taphatu leellisaa turan. Mucayyoon waggaa 12 lammii Gaanaa taate Shiifaa Amankwaah-Gaabeey, Ameerikaatti dorgommii jecha qubeessuu irratti hirmaachuun karaa kabajaa isheef malu jalqabdeetti. Haguuggiin fuulaa fiigdootaa 'Maabuu' jedhamu bara 1930 saboota Kaameruun 'Wuum' jedhamaniin tolfame Ingilaanditti agarsiisaaf dhiyaatera. Suudaan magaalaa Kaartumitti manguddoo erga soomata Ramadaanaa isaanii hiikaniin booda suuraa Masjiida Sheek Daafalaahitti ka'an Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti tola ooltonni lafa balfaa naannoo Kibeeraa namooti baayyeen jiraatan qulqulleessuun gargaarsa godhan. Zimbaabuweetti, namooti yaada fuula isaanii gara filannoo Waxabajjii 31 raawwatutti garagalfataniiru. Dubartiin kuni ulaagaalee filannichaa mirkaneessaa jirti. Maadaagaaskaritti namooti deeggartoonni mormituu kuni, hoggansi sammuu namootaa keessa jira, jechuun sanbata darbe pireezidantiin aangoo akka gadhiisanii dhiibbaa godhan Afrikaa Kibbaa magaalaa Darbaan keessatti namooti torbee Afrikaa daandiirra bahanii kabajachaa turan Suuraan AFP, Getty Images and Reuters irraa argame
oduu-46176300
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46176300
Oduu Sobaa: Ajjeefamuu lammiilee Somaalee hanga maq-balleessii pireezidaantotaatti
Oduun sobaa Afriikaa keessa afarfamaa ture walitti bu'insa sabaafi sablammoota gidduutti akka hammaatu gochuu, yeroo filannoo ammoo namoota filatan dogoggorsuufi burjaajessuu akkasumas sharafni biyya alaa akka hin tasgabboofne taasisuudhaan madda rakkoo ta'aa jira.
BBC'n ka'umsaafi rakkoo oduu sobaa kana irratti qorannoo gaggeessaa ture qabxiiwwan ijoo shan Afriikaa keessatti uumaman adda baaseera. Namoonni gareen qorattoota dhaggeeffattoota BBC waliin dhimma kana irratti gaaffiffi deebii taasise harki caalaan oduu osoo adda hin baafatiin namootaaf dabarsuu ykn hiriyoota isaaniif qoodu. Namoonni kun gariin kana gochuu isaaniif sababii yeroo dhiyeessanitti hiriyoota isaanii akeekkachiisuufi ykn odeeffannoo kennuuf jenneetiidha. Kanneen biroo ammoo jechoota akka "kun dhugaadhaa?" jedhu itti dabalanii namaaf qoodu. Yeroo kana godhanitti garuu osoo hin beekiin oduun sobaa akka babaayyatu taasisuun isaanii hin oolle. Oduuwwan sobaa kun oduu dhugaa waliin tooruma irra jiru waan ta'eef hunduu ni argata ni dubbisus. Qorannoon gama dhageeffattotaa/hordoftootaatiin gaggeeffame kun isa jalqabaatis jedhameera. Daarektarri BBC World Service Jeemii Angas akka jedhanitti bu'aa qorannoon kun qabu hojii BBC'n oduu sobaan namoota dogoggoran hambsuudhaaf carraaqaa jiruuf murteessaadha. 1. Somaalonni Itoophiyaa keessaa 'boollatti naqamaa jiru' Oduun sun maal ture? Ji'a Adoolessaa keessa, bakka itti argamu US irraa dhaabbanni Ethiopian Satellite Television (ESAT) viidiyoo sabni Oromoo Itoophiyaa keessa jiran reeffa saba Somaalee boolla awwaalchaatti naqaa jiru agarsiisa jedhu gadi dhiise. Akka jedhametti, viidiyoon sun Itoophiyaa keessatti naannoo Oromiyaa keessatti waraabame. Bakki sun ammoo baruma kun ta'e keessa gareewwan lamaan gidduutti walitti bu'insi lubbuu galaafataa tureera. Miidhaa akkamii qaqqabsiise? Akka tajaajilli BBC Afaan Oromoo gabaaseetti, viidiyoon sun miidiyaaleen hawaasaatiin Itoophiyaa keessa tamsa'u isaatiin saba Oromoo biyyoota ollaa akka Jibutiifi Somaaliyaa keessa jiraatan miidhaan irra ga'ee ajjeefamaniif sababa ta'eera. Baqattoonni Oromoo biyya ollaa taate Jibutii keessa turan BBC'tti akka himanitti, erga viidiyoon sun qilleensa irra ooleen booda reebaa akka turaniifi suuqiin isaaniillee akka jalaa saamame dubbatan. Oduun sun soba ta'uu akkamiin barre? Viidiyoon walfakkaatu kan rakkoo garee Anglophone warra fottoquu barbaadaniifi mootummaa Kaameruun gidduutti Itoophiyaa gara lixaan km 3000 irratti uumamee ture hin mirkanaa'iin ji'a Waxabajjii keessa miidiyaalee hawwaasummaa irratti ballinaan tamsa'aa tureera. Viidiyoon ESAT TV tamsa'e sun osoo dhugaafii soba ta'unsaa adda hinbaafamiin, dargaggoonni Oromoo wacaafi sirbaa jiraniitti fakkeessuun sagalee viidiyoo sana duraan ture irratti dabalamee hojjetameera. Akkuma dubbichi soba ta'usaa hubachuun ESAT miidiyaalee hawwaasummaa irraa haquun, boodas ESAT ifatti dkaraa YouTube irratti dhiifama gaafateera. TVn ESAT soba ta'usaa beekuun viidiyoo sanatti fayyadamu ykn tamsaasuu haalli agarsiisu hinjiru. Sirreeffama Sadaasa 23: Barreefamni kunis ESAT TV waraabbii viidiyoo itti fayadameef itti gaafatamaa akka hintaanee ykn viidiyichi soba ta'usaa hubachuun akka hinture ifa taasisuuf kan haaromfameedha. 2. Kaadhimamaan pirezedaantii Naajeeriyaa 'gareewwan warra mirga saala walfakkaatuun walfuudhaniif falmaniin deggersa argatan ' Oduun sun maal ture? Yeroo Atiikuu Abubakar kaadhimamaa pirezedaantii Naajeeriyaa filannoo bara 2019 ta'uun isaa mirkanaa'utti, maqaa gaggeessaa garee mormituu kanaatiin tiwiitarri sobaan banamee ture. Tiwiitera kanaan akka kaadhimamaan pirezedaantichaa "Waldaa Fuudha Saala Walfakkaataa Dhiirota Naajeeriyaa (Association of Nigerian Gay Men (ANGAM))tiin deggersa nuuf taasiftaniif galatoomaa jedhu maxxanseetti himamaa ture. Ergaa Tiwiiteriin ba'e kana keessatti, Obbo Abubakar yoo filatamee pirezedaantii ta'uu danda'e waan inni jalqaba hojjetu, labsii farra saal-qunnamtii/fuudha saala walfakkaataa gidduutti eyyamu Pirezedaantii Naajeeriyaa duraanii Guudlaak Jonaataaniin bara 2014 mallattaa'ee hojiirra oole haquudha kan jedhu ture. Naajeeriyaa keessatti fuudhi namoota saalaan walfakkaatan gidduutti taasifamu hanga waggaa 14 nama adabsiisuu kan danda'u yommuu ta'u wantoota fuudha dhiiraafi dhiira gidduutti agarsiisan ykn jaalala fedhii saalqunnamtii namoota saalaan tokko ta'an gidduutti agarsiisuunis dhorkaadha. Miidhaa maalii qaba? Marsariitii oduu sobaa kana hojjetterraa kan fuudhame Ergaan Tiwiiteraa kun erga gaafa Onkoloolessa 14 qoqqoodamee booda, oduun kun namoota fuula interneetii irratti barreessuun beekaman lama ykn biloogaroota lamaan irra deebiyee ka'eera. Guyyaa 12n booda, gaazexoonni bebbeekamoo Naajeeriyaa lama, The Nation fi Vnguar oduu kana ergaa karaa baayyee walfakkaatuun maxxansan. Oduun fakkeessaa summii facaasa Akka gabaasa isaaniitti dhaabbanni saal-qunnamtii/fuudha saal walfakkatu deggeran (LGBT) "Diverse" jedhamus akka Obbo Abubakariin kaadhimamaa "kaadhimamaa yaada walabaa qabu" waan ta'eef akka pirezedaantii ta'uuf ni deggerra jedhe. Oduun sobaa akka kaadhimamaan pirezedaantichaa mirgoota warra saal-qunnamtii/fuudha saala walfakkaatu gidduutti taasifamuuf falmuutti dhiyaate isa miidheera. Gaggeessitoonni Musiliimaafi Kiristaanaa Naajeeriyaa keessatti baayyee dhiibbaa guddaa uuman, labsii farra warra fuudha saala walfakkaataa gidduutti deggeraniif mormuudhaaf jecha ammoo kan tokkummaa uuman, deggertoonni isaanii akka kaadhimamaa akkasii hin filanne taasisuu danda'u. Oduun kun soba ta'uu attamiin barre? Tiwiiterri jalqaba oduun sun ittiin ba'ee gadi dhiifame, Tiwiitera sirrii Atikuu Abubakar miti. Warri garee morgoota LGBT ta'an akka ergaa tiwitera sana isa jalqabaa keessatti ykn biloogotaafi gaazexoota itti aananii maxxanfaman keessattis waanti qabatamatti mullate hin turre. Dhaabbileen kunneen ofii isaaniitillee kan seera qabeessaan galmessan akka seera Naajeeriyaatti yakkadha jedhame hin jiru ture. 3. Ogeettiin miidiyaa Keeniyaa keessatti beekamtuu oduu sobaa biyyattii leellisu qoodde Oduun sun maal ture? Oduu biizinasii CNN dhiyeessuun kan beekamu Richard Quest TV show isaatii jecha fiilmii waraabbachuuf Onkoloolessa keessa magaalaa guddittii Keeniyaa, Naayiroobii keessa ture. Oduu dhiyeessuu dabalatee miidiyaa keessatti duraan maqaa gaarii kan qabdu Julie Gichuru Onkoloolessa 25, Obbo Quest hangam turtii isaa Keeniyaa keessaa taasise itti gammade waliin mariyachuuf jechuun tiwiitera isheeratti maxxansitte. Akka Obbo Quest barreesse fakkeessuudhaan waan armaan gadii kana maxxansitee gadi dhiiste. "Industrii tajaajila Keeniyaa kan mo'atu hin jiru... Ani amma kun akkuman saattawwaan marfameen cireekoo nyaachaan jira! Biyya Baankii Adunyaatiin invastimantiidhaaf Afriikaa keessatti filatamtuu ta'uun hawwachaa jirtuu, waan biraa maalan gaafachuu danda'aa? KEENIYAAN AJAA'IBA!" Dhiibbaa attamii qabaata? Julie'n hordoftoota fuula Tiwiitera ishee irratti miliyoona tokkoofi Inistaagiraam irratti ammoo 600,000 waan qabduuf waan isheen maxxansite sana namoonni daqiiqaawwan muraasa keessatti arganii akka dhugaa ta'etti fudhataniiru. Oduun sun soba ta'uu akkamiin barre? Gaazexeessaan CNN kun yaada Tiwiitera Julie kana jalatti dafee akka waan akkasii hin dubbatiin barreesseef. Isaan booda Julie Gichuru irra deebitee ergaa Tiwiitera ishee kana yaada barreessite sun mormii kaaseera jechuun irraa haquuf dirqamteetti. 4. "Aangoo gadi dhiisuu" pirezedaantii Afriikaa Kibbaa Oduun sun maal ture? Guraandhala 12, gabaasaan tamsaasa oduu biyyaalessaa afriikaa Kibbaa SABC, yeroo sanatti pirezedaantii kan turan Jaakoob Zumaa aangoo gadi dhiisuuf akka waliigalan gabaase. "Maddawwan amanamoo" jechuudhaan, Tshepo Ikaneng'n yeroo miseensonni ol-aanoon paartii biyya bulchaa jiruu kan Kongirasii Biyyaalessa Afriikaa (African National Congress (ANC)) carraan pirezedaantichaa gara fuula duraatti maal ta'uu mala jedhu irratti mareetti jiranii oduu ammaa nu ga'e jechuudhaan tamsaasa kallattii osoo gaggeessaa jiruu dabarseera. Gaazexeessaan Afriikaa Kibbaa tokko oduu kana fuuhdee ammoo tiwitera irratti baase. Obbo Zumaan dhiibbaa cimaa yakka malaammaltummaa karaa hedduutiin irratti ka'aa tureen walqabatee aangoo akka gadi dhiisuuf jecha partii isaarraa ga'aa tureera. Biyyattiin yeroo sanatti tarii aangoo gadi dhiisuu danda'a jechuudhaan eegaa turan. Dhiibbaa akkamii qaqqabsiise? Maallqani Afriikaa Kibbaa Rand jedhamu Obbo Zumaan aangoo gadi dhiisuu danda'u jechuudhaan kan %1 dabale, erga dubbi himaan gabaasa SABC gadi bahee waakkatee dhaabbachuu danda'eera. Soba akka ta'e akkamiin barre? Dubbi himaan Obbo Zumaa gadi bahanii mormuudhaan kan gabaafame sun "oduu sobaadha" jedhan. Guyyaa sadiin booda garuu, Obbo Zumaan isuma dhugaa aangoorraa bu'an. 5. Gaggeessaan Tanzaaniyaa 'sagaagalummaan akka dhaabbatuuf jecha tokkoo ol fuudhuu eyyaman' Oduun sun maal ture? Barreeffamni Pirezedaantiin Tanzaaniyaa John Magufuli sagaagalummaan akka dhaabbatuuf jecha dhiirota niitii tokkoo ol fuudhuu akka danda'an fuudhaa jedheera jedhan akka malee dubbii baballatee turedha. Akka jedhametti pirezedaantichi "konfiraansii dhiironni 14,000 ta'an irratti argaman irratti," dubbii taasisaniin, "lammiileen Tanzaaniyaa miliyoona 70 ta'an keessaa, miliyoonni 40 dubartoota yommuu ta'an miliyoona 30 kan ta'an qofaatu dhiiradha" jechuun dhiirota kanatti himan. Rakkoon baayyinni dhiiraa dhibuun ammoo dubartoonni akka sagaagaltummaafi ejjuutti bobba'an taasisa, jedhe jechuun barreeffamichi pirezedaantichi kan dubbatan fakkeessuun dhiyeessee ture. Dhiibbaa akkamii uume? Oduun jalqaba fuula marsariitii/weebsaayitii Afaan Ingiliziitiin Zambia Observer jedhamu irratti Guraandhala 2018 ba'e dubbii cimaa hin kaasne ture. Garuu oduun kan inni caalaatti babal'achuu jalqabe erga Afaan hojii Tanzaaniyaa kan ta'e Swahili tiin marsariitii/weebsaayitii nipasheonline.com jedhamu irratti ba'een boodadha. Achirraa ka'uudhaanis, weebsaayitii beekamaa ta'e JamiiForums irratti ba'eera. Isaan booda dubbii ijoo biyyoota Afriikaa hedduu ta'uudhaan oduun kun gara Keeniyaa, Zaambiyaa, Afriikaa Kibbaafi Gahaanaatti babal'chuu danda'eera. Oduu sobaa ta'uu akkamiin barre? Dubbi himaan aanga'aan mootummaa Tanzaaniyaa karaa tiwiiterii oduu kana Swahili tiin balaaleffachuutiin, pirezedaantichi akka kana hin jenne yaadachiisuun namoonni akka dhiisaniif gaafataniiru. Akka BBC Swahiiliin mirkaneeffachuu danda'ettis barreeffamni ture sun dhaugaa hin turre. Barreefama sobaa sana keessatti "Obbo Magufuli" baayyina uummataa miliyoona 70 ta'an keessaa, lakkoofsi dubartootaa miliyonna 10 dhiirota caala. Akka tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhiyeenya taasisetti garuu bayyinni uummata Taanzaaniyaa miliyoona 60 gadi yommuu ta'an garaa garummaan lakkoofsa dhiirotaafi dubartootaa gidduu jiru guddaa miti. Oduun kunis kan qaama qorannoo BBC'n oduuwwan nama burjaajessaniifi oduu soba ta'an akka itti addunyaan oduu waliif daddabarsaniifi naannoo ofii itti ilaalan keessatti yaaddoo ta'an adda baasuuf hojjetaa jiruun.
42438512
https://www.bbc.com/afaanoromoo/42438512
Marii Finfinnee: Humnootiin waraanaa Suudaan Kibbaa waraana dhaabuuf waliigalteee mallatteessan
Humnootiin waraanaa Suudaan Kibbaa waraana dhaabuuf waliigalteee mallatteessan.
Gareewwan waraanaa Suudaan Kibbaa jalqaba bara haaraa isaanitii kaasee waraana dhaabuuf walii galtee malleettesssan. Waliigalteen kunis kan mallattaa'ee erga mariin guyyootaaf magaalaa gudditti Itoophiyaa Finfinneetti taasifameen booda yoo ta'u, innis biyyaa waraanaan hubamtee keessatti deegarsa namoomaa taasisuuf ni dandeessisa jedhamee amanama. Walwaraansa Suudaan Kibbaatti waggoota afran darbaniif gaggeefamaa tureenis, lammiileen biyyattii kumaatama hedduu kan du'an yoo ta'u, kanneen miliyoonotaan lakkaa'aman ammo kan buqqaafamaniifi baqatan ta'uu ragaaleen ni mul'isu. Walii galtee nageenyaa bara 2015 mallattaa'ee ture hojiirra oolchuuf mariin humnooti siyaasaa biyyattii Finfinneetti mari'ataa jiran haala gaariin deema turuu isaa ilaalchisuun ibsi Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Kamiisa darbe kenne gabaasuun keenya ni yaadatama. Akka dubbi himaan ministeerichaa Obbo Mallas Alam, marii miilanaa mariisisaa kan jiran ministirooti haaja alaa biyyoota miseensa IGAD, humnoota siyaasaa, waldaalee hawaasaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu hunda mariisisanii yaadni isaanii marii ammaa kana keessatti akka hammatamu ta'eera jedhu. Mariin kunis biyyattii keessatti nageenya mirkaneessuufi dararaa lammiilee biyyattii irra gaha jiru goolabuuf boqonnaa xumuraa irra gahamuu mul'isa jedhaniiru. Erga pireezidaantiin biyyattii Salvaa Kiir bara 2013 itti aanaa isaanii Riik Machaar aangoo irraa ari'anii booda walitti bu'iinsaa fi waraana keessatti kan kufte biyyattiin rakkoo hammaataa keessa jirti. Hidhattootni gareelee adda addaa uumanii walii isaanii akkasumas loltoota mootummaa waraanaa jiru. Wal waraansa kanaanis lammiileen biyyattii kumoota hedduun lakkaa'aman ajjeefamani jiru. Diinagdeen biyyattii miidhameera, gatiin dhibbeentaa 1000 oliin qaala'ee jira. Hojjettoonni mootummaa hedduun waggaa oliif mindaan hin kafalamneef. Lammiileen biyyattii harki tokko sadaffaan qe'ee isaanii irraa yoo buqqa'an, miliyoona lamaa ol ammo godaananii jiru akka Obbo Mallas jedhanitti. Dararaa lammiilee biyyattii irra gahaa jiru dhaabuuf mariin kun carraa biyyattiin qabdu isa dhumaati kan jedhan Obbo Mallas, marii kanaan waliigaltee irra gahuu dhabnaan Mootummootni Gamtooman, Gamtaan Awurooppaa fi Gamtaan Afriikaa biyyattii irratti tarkaanfii dirqisiisoo fudhachuuf kutataniiru jedhan. Haata'u maleess, mariin humnooti siyaasaatiin gaggeefamaa ture waliigaltee irra gahuun danda'ameera.
oduu-56052227
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-56052227
Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoo itti aanutti paartilee isaan kamtu morkattoota ciccimoo ta'uu danda'u?
Dhuma ji'a Caamsaafi jalqaba ji'a Waxabajjii keessa naannoo Tigiraay irraan kan hafe filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa guutummaa biyyatiitti gaggeeffamuudhaaf karoorfamee jiru irratti paartileen siyaasaa 52 ni hirmaatu jedhamee eegama.
BBCn seenaa dudduubaa paartilee, dhiibbaa uumuu gaggeessitoota isaaniifi sochii siyaasaa yeroo ammaa kana taasisaa jiran ka'umsa godhachuudhaan; paartileen siyaasaa sadarkaa mana maree federaalaa, naannoleefi bulchiinsa magaalotaatti carraa sagalee argachuu qabu jedhamanii tilmaamaman akka itti aanutti tarreesseera. Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa dheeraa kan qaban Mararaa Guddinaa (piroofeesar)tiin kan durfamu KFOn, filannoowwan kanaan dura turan irratti hirmaatee ture. Piroofesar Mararaan yeroo miseensa paarlaamaa federaalaa ta'anii turan keessatti yaadawwan kennaniin namoota hedduu biratti ni yaadatamu. Irra deddeebiin hidhamaa kan turan Piroofeesar Mararaan, yeroo dhumaa hidhaatii wayita gadhiifamanitti deeggartoonni isaanii hedduun addabaabaayitti bahanii gammachuu isaanii ibsatanii ture. Haaluma walfakkaatuun yeroo ammaa hidhaa kan jiran Itti-aanaan dura ta'aa KFO Obbo Baqqalaa Garbaas muuxannoo siyaasaa guddaa qabu. Oromiyaatti keessumaa dargaggoota biratti fudhatama kan qabu Obbo Jawaar Mohaammad, KFOtti makamuun isaa ammoo dhiibbaa paartichi uumuu danda'u akka guddaa taasisu ni amanama. Piroofesar Mararaa, Obbo Baqqalaafi Obbo Jawaar waggaa tokko dura naannoo Oromiyaa bakkeewwan gara garaa yeroo deemanitti simannaan isaaniif taasifame, filannoo baranaa kana keessatti KFOn morkataa cimaa ta'ee akka dhiyaatu kan agarsiisedha. Filannoo Itoophiyaa keessatti muuxannoo kuufachuu isaan, akkasumas namoota siyaasaa buleeyyiifi jajjaboo qabachuun isaa [kanneen kaan hidhamanii jiranillee], KFOn filannoo itti aanu kanarratti paartii milkaa'inaaf eegamu isa taasisa. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ABOn dhaabbilee siyaasaa erga hundeeffamanii waggoota dheeraa lakkoofsisan keessaa isa tokkodha. Naannoo Oromiyaa bakkeewwan hedduutti akka faajjii bilisummaatti kan ilaalamu ABOn bara 1973 ture kan hundeeffame. ABOn bara 1991 qaama mootummaa ce'umsaa kan ture yoo ta'u, osoo baayyee hin turiin garuu mormuudhaan qabsoo hidhannoof bosona seene. Waggootaaf erga qabsoo hidhannoo gaggeessaa ture waggaa sadiin dura MM Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee gara biyyaatti deebiyeera. Qabsoo hidhannoo waggootaan booda yeroo jalqabaatiif filannoorratti hirmaachuuf kan qophaa'e ABOn, filannoo waliigalaa 6ffaa irratti paartileen siyaasaa tilmaamni ol-aanaan kennameef keessaa isa tokkodha. Dhaabni kun rakkoo keessoofi hidhaa gaggeessitoota isaarra ga'e qabatee seenaafi fudhatama guddaa ummata Oromoo biratti qabu qabatee filannootti deemaa jira. ABOn dhiibbaa mootummaan anarra geessisaa jira jedhuufi mufii keessoo gaggeessitoonnisaa qaban hirmaannaa filannoorratti dhiibbaa irratti taasisuu baannaan naannoo Oromiyaatti morkataa cimaa ta'uun isaa waan oolu miti. Paartii Badhaadhinaa Paartiin Badhaadhinaa kan filannoowwan shanan darban 'mo'adheera' jedhuufi waggoota 20 oliif bulchaa ture Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) keessaa dhufe. Paartiin Badhaadhinaa erga ADWUIn baqee booda jijjiiramoota tokko tokko akka taasise dubbatamullee ADWUI kan TPLF keessaa hir'ifamedha kanneen jedhan hedduudha. MM Abiy TPLFn alatti Addichi warra 'Aggaar' jedhaman waliin akka walitti makaman taasisuun paartii Badhaadhina jedhu uumeera. Meeshaafi qabeenya ADWUI ammoo fudhateera. Yaadni 'Dimokiraasii Warraaqsaa' kan jedhu faalaasama pirezedaantii Paartichaa kan ta'an MM Abiy Ahmad (PhD)tiin bakka bu'eera. Paartichi miseensota miliyoonaan lakkaa'aman guutummaa biyyattii keessaa qaba jedhuun, akkasumas caasaa cimaa waggoota dheeraa lakkoofsise qabuun filannoo itti aanuun akka eegamu taasiseera. Jijiirama pirezedaantiin paartichaa Abiy Ahmad (PhD) fidaniiru jedhmuufi biyyattii keessatti bakka gara garaatti deeggarsa qaban, akkasumas naannoleefi bulchiinsawwan magaalotaa keessatti gaggeessitoota dhiibbaa uumu jedhaman paartiin qabate kun filannoo dhufurratti morkataa cimaa isa taasisa. Sochii Biyyaalessaa Amhaaraa (ABIN) ABIN seenaa qabsoo siyaasa dheeraa qabaachuu baatus waltajjii siyaasaa Itoophiyaa yeroo ammaa keessatti dhiibbaa inni qabu salphaa miti. Sabboonummaa Amhaaraa bakka bu'ummaa jabaafi ifa ta'e hin qabu jedhamu bakka bu'uudhaan kan socho'u ABIN, A L I bara 2010 keessa hundeeffame. Kaayyoon ijookoo 'faayidaafi mirga saba Amhaaraa kabachiisuudha' kan jedhu dhaabni kun, waggoota sadan darban keessa jabaachaa dhufuu danda'eera. Paartiin kun naannoo Amhaaraatti dargaggoota biratti fudhatama akka qabu ni amanama. Naannicha keessattis bakkeewwan hedduutti waajiraalee banatee socho'aa jira. Kanaaf, filannoo ji'oota shan booda gaggeeffamu irratti paartilee morkattoota ciccimoo ta'anii dhiyaatan keessaa ABIN tokko akka ta'u ni eegama. Dura ta'aan dhaabichaa Ballaxaa Mollaa gaaffiifi deebii dhiyeenya kana gaazexaa tokko waliin taasisaniin, filannichaaf qophii duraa taasisaa jiraachuu ibsee ture. "Murtee ummataa fudhachuufi bu'aa isaa tole jechuun fudhachuuf" qophii ta'uu isaanii dubbateera. ABIN naannoo Amhaaraatiin alattis kutaaleen Itoophiyaa dhalattoonni Amhaaraa baayyinaan jiranittis waajiraalee gurmeeffataa kan jiru yoo ta'u, kun ammoo filannicharratti morkataa akka isa taasisu ni amanama. Baaldaraas Dimokiraasii Dhugaaf Baaldaraas paartii nama duraan gaazexeessaafi falmaa mirga namoomaa ture Iskindir Naggaatiin durfamudha. Baaldaraas 'Faayidaa Finfinnee eegsisuuf' jechuun sochii Iskindir hundeessedha. Sochin kun Finfinnee bu'uura godhachuudhaan gara paartii siyaasaatti guddateera. Hokkara ajjeechaa Artist Haacaaluu hordofee dhalateen walqabatee gaggeessaa isaa Iskindiriin kan dhabe Baaldaraas, bulchiinsa magaalichaa keessatti gochawwan 'seeraan ala' jedhurratti akka qabsaa'u ibsaa tureera. Ibsi gaazexaafi hiriirri Baaldaraas yeroo gara garaatti waamu sababawwan ifa hin taaneen yeroo haqaman ijoo dubbii ta'aa turaniiru. Dhiibbaa paartichi yeroo gabaabaa keessatti Finfinnee keessatti argateefi maqaa Iskindir Naggaa siyaasa keessatti qabuun, Baaldaraas filannoo itti aanu kanatti magaalaa Finfinnee keessatti morkataa cimaa akka ta'u ni tilmaamama. Lammilee Itoophiyaa Haqa Hawwaasummaaf (IZEMA) IZEMAn namoota siyaasaa hirmaannaa filannoo A L I bara 1997 ture keessatti beekaman of keessaa qaba. IZEMAn guutummaa biyyaatti haala jedhamuun waajiraalee filannoo 400 ol banateera. Siyaasa saba irratti hundaa'een karaa adda ta'een siyaasa 'lammummaa bu'uura godhate' akka adeemsisu kan ibsu paartiin kun, Itoophiyaatti haqa hawaasaa mirkaneessuun galma ijookooti jedha. Paartichi dhimmoota siyaasaa, dinagdeefi hariiroo alaa irratti kan xiyyeffatan jedhu imaammata 40 akka qopheeffates ibseera. Namoota siyaasaa filannoo A L I bara 1997 keessatti dhiibbaa uuman keessaa Birhaanuu Naggaa (Piroofesar) fi Andu'aalam Arraagee gaggeessitoota ol-aanoo paartichaati. Samaayaawii Paartii gaggeessaa kan ture Yashiwaas Asaffaa ammoo dura ta'aa kan godhate IZEMAn paartileen ja'a walitti baquun kan ijaaramedha. Isaan keessa hidhannootiin qabsaa'aa kan ture Arbanyooch Ginbota 7 ni eerama. Dhaabni kun biyya keessaafi alaa deeggartoota salphaa hin taane akka qabu ibsama. Kanaaf, filannoo 2021 kana keessatti paartileen bu'aa argamsiisu jedhamanii eegaman keessaa isa tokko ta'uu danda'a jedhamee tilmaamama. Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden (ONLF) ONLF sochii siyaasaa keessatti dhaaba umurii dheeraa lakkoofsisedha. ONLF bu'uura isaa naannoo Somaalee taasifachuun waggoota 37 dura ture kan hundeeffame. A L I bara 1986 hanga 2010tti sochii qabsoo hidhannoorra kan ture ONLF, qaamaa mootummaa ce'umsaa A L I bara 1983-87 ture. A L I bara 1984 filannoo naannoo taasifamee ture irratti harka dhibba keessaa 87 mo'achuudhaan naannoo Somaalee waggoota lamaaf bulchee ture. Haata'u malee, waldhabdee mootummaa giddu-galeessaa waliin uumameen ONLF akka lola hidhannootti seenu taasiseera. Kanarraan kan ka'eenis mana maree bakka bu'oota ummataatiin 'shororkeessaa' jedhamuun farrajamee ture. Bara 2018 MM Abiy Ahmad gara aangootti dhufuu isaa hordofee, galmee shorokkeessummaarraa haqamee akka paartii seera qabeessatti galmaa'eera ONLF. Mirga umattoonni naannoo Somaalee ofiin of bulchuu jedhu mirkaneessuun kaayyoo isaa ijookooti kan jedhu paartiin kun, filannoo itti aanu kanatti naannoo Somaaleetti morkataa cimaa akka ta'u ni eegama. Aanga'oonni paartichaa A L I bara 2011 yeroo gara biyyaatti galanitti simannaan 'ho'aa' taasifameef dhaabichi ammallee fudhatama kan qabu ta'uu agarsiisuu qofa osoo hin taane, filannoo itti aanuufillee abdii inni qabu kan akeeku fakkaata.
oduu-42553087
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-42553087
Walitti dhufeenyi Itiiyoo-Eritiraa maaliirratti argama?
Akka lakkoofsa awuropaanotaa, bara 1998- 2000 biyyoota hiyyeeyyii gaanfaa Afriikaa lama gidduutti waraana tureen gama lamaniinirraayyuu lubbuun namoota kuma 70 darbus waranichi naannoo daangaa biyyoota lamaaniirratti jijjiirama muraasa fideen alatti bu'aa addaa gama lamaaniifuu hin argamsiifne.
Dargaggoonni waltajjii marii uumaa jiru Waggoota 15'nan darban nageenyis waraannis osoo hin jiraatiin turuu hambisuuf tattaafiiwan taasifaman hundu hin milkoofne. Rakkoo biyyoota lamaan kana gidduu jiru guutummaatti furuun rakkisaa ta'uus dhimmoota tokko tokko irraatti waliigaltee uumuun hariiroo lammiilee biyyota lameenii fooyyeesssuuf yaliin taasifaman hedduun turaniiru. Dargaggoonni tokko tokko miidiyaa hawasummaa irratti yaada araara kaasaa turan qalbii hayyootaa hateera. Waltajjiin marii araaraa lammiilee biyyoota lameenii gidduutti nageenya uumuu irratti xiyyefate uumameera. Miseensi Jaarsolii nageenyaa fi araaraa gama Eertiraa obbo Yiisaaq Yooseef nageenya mirkaneessuuf rakkoo bu'uuraa lola biyyoota lameeniirratti hubannoo hawaasaa cimsuun barbaachisaa dha jedhu. ''Seenaa dudduubee walitti bu'iinsa biyyoota lameenii gidduu jiru irratti haayyuulee hubannoo hawaasichaa cimsanii fi dargaggeeyyii gidduutti mariyachuuf waltajjiiwwan eegalamaniiru,'' jedhan. Rakkoon mootummoota lameen gidduutti dhalate uummattoota naannoo daangaa jiran irraatti dhiibbaa guddaa geesisuu kan himan obbo Yisaaq, rakkoo biyyoota lameen gidduu jiru furuuf tattaaffiin hawaasni idila addunyaa taasisaa turan akka hin milkoofnes dubbataniiru. Uummata biyyoota lameenii gidduu hariiroo jiru cimsuun kaayyoo waltajjii kanaa ta'uu kan himan Piroofesar Madihaanee Taaddesee hariiroo lammiilee biyyoota lameenii jidduu jiru bakka duraaniitti deebisuun galma kaawwatan ta'uu himaniiru. ''Nagaan hundaa oli. Yaaddoowwan amma dhiibbaa uumaa jiran akka nu hin kuffisneef uummata gidduutti nagaa uumuun barbaachisaa dha,'' jedhu Piroofeesar Madiihaaneen. 'Osoo mootummaan lolarra jiruu araara' ''Uummatni lamaanuu rakkoo keessa jiruu'' kan jedhan hayyuu seenaa kan ta'an obbo Gabra Kidaan Dastaan uummanni lola walirraa hin qabne siyaasaan qabamuu hin qabu jedhu. Wal-dhabdeen kan jiru abbootii siyaasaa gidduutti. Uummatichi nagaa argatee jireenya hawaasummaa fi diinagdeen walitti dhufuu qaba. Gatiin nagaa mi'aa waan ta'eef mootummaa haaloo hin qabanne jiraachuu qaba jechuunis dubbatu. Rakkoon mootummoota biyyoota lamaanii bira jira Waan hunduu hafee uummattoonni aadaa, daangaa fi seenaadhaan walfakkaatan kun gamaa gamana ta'aanii wal ilaaluu hin qaban yaadni jedhu yaada namoota hedduuti. Rakkoo kana furuuf waan danda'an gumachaa kana jiran lammiileen biyyoota lameenii mootummoota gidduu fedhiin osoo jiraatee haaloonni dafanii sirratu jedhaniiru. Hariiroon daldalaa, sagantaaleen muuziqaa fi Ispoortii qaama diipiloomaasii hawaasaati. Isportiin fakkkeenya guddaa dha. Waltajjiiwwan Ispoortii garaagaraarratti walitti dhufeenyi hawaasaa cimee yeroo itti mul'atutu jira. Nu gidduu wanti hin mul'anne isa kanadha jedhu Piroofeesar Madihaaneen. Xiinxalaa Siyaasaa kana ta'an obbo Zarihuun Tashoomee ammoo ''dallansuudhaan hiree uummataa irratti murteessuu fi murtee sana itti fufsiisuun waan hin deemsifnef dhiibbaan hawaasaa yoo jiraate mootummoonni dhaabbatanii akka of ilaalan gargaara. Uummanni daallansuudhaan hidhamee jiraachuu waan hin qabneef dallaansuun dhaabachuu qaba jedhuun barbaachisaa dha,''jedhu. Lolli biyyoota lameen gidduu jiru dhaabateera jedhamus mootummoonni lameen akkuma ija walitti babaasanitti jiru. Haalli kun ammoo uummaticha yaaddoo fi sodaa keessa galcheera. ''Wantoonni hamaan nutti dhufaa jiru, akkasumatti itti fufuu hin qabnu. Jalqabumarraahuu haala amma jiru kanarra gahuun nurra hin turre yaada jedhu qabannee gara uummataatti baanes'' jedhu Proofesar Madihaaneen. Maaliif amma? Hojiin kuun dursee eegaluu qaba ture kan jedhan obbo Zarihuun haalli biyyoonni lameen lollis nagaanis hin jiru jedhan kun uummata lameeniif kan hin fayyadne dha jedhaniiru. ''Mootummoonniifii hawaasni idil addunyaa rakkoo kana furuuf abdiin irra kaahamee ture abdii kutachiisoo ta'aa jiru'' kan jedhan Proofesoor Madihaaneen ''fedhii fii dandeeettiin biyyoonnii gurguddoon rakkoo biyyoota lameenii furuuf qaban du'aa jira, rakoon siyaasaa uummatoota balleesuu dhufaa waan jiruuf amma akka durii mootummoota hin eegnu'' jechuun gaaffii maaliif amma jedhu deebisaniiru. Rakkoon kun dhiibbaa hariiroo hawaasaarran gahuun dabalatee bu'aa diinagdee argamuu danda'u heddu dhabsiiseera kana jedhan obbo Zarihuun hariiroo daldalaa fii hojiilee inveestimeentii naannoo daangaarra jiruu dadhabsiisuuf sabab waan ta'eef uummati miidhameera. kana baannee itti fufu waan hin dandeenyeef mootummoonnis kana hubatanii gara waliigaltee irree uummataa cimsuutti dhufuu qabus jedhan. ''Sirnii fii mootummaan nidarba'' ''Uummanni dhiimmichi dhimma kooti jechuun mariiwwan kanaa booda jiran irratti hirmaachuu qaba. Uummanni dursaa ta'ee yoo dhufe haalli mootummaan sagalee uummataa itti dhagahuu diduuf hin jiru'' jedhu obbo Yisaaq. Sagaleen uummata buu'uureffate yeroo dhihaatu carraan mootummaan hin fudhadhu jedhuuf akka hin jirre ibsuun uummanni yaadaan wal ta'ee tokkuummaasaa cimsachuu qaba jedhaniiru. Mootummoonni ni darbu, uummannii fi biyyi garuu itti fufu. kanaaf haaloo fii dallansuun dhaabachuu qaba. Rakkolee hiree keenya hegeree balleessu hiikuun hariiroon biyyoota lameenii jijjiiramuu qaba jechuun obbo Zarihuun ibsaniiru. Yaada dhimma kana irratti qaban wayita goolaban obbo Zarihuun ''maal na dhibee fii tarsiimoo dogongoraan qaroominni hedduun badeera, ammaa booda garuu uummanni aadaa, diinagdee fii seenaa eeguuf dursa fudhachuu qaba'' jechuun dhaamaniiru.
oduu-48954623
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-48954623
TPLF: 'Humnoota of-tuultotaa bakka gara garaatii walitti qabameti biyya diigaa jira'
Koreen Giddu-galeessaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) kora atattamaa guyyaa tokko erga taa'een booda Roobii ibsa ejjennoo abbaa qabxii torbaa baasee tureen 'humnoota of-tuultotaa bakka gara garaatii walitti qabamanitu biyya diigaa jira' jedhe.
Kaanaaf ammoo adda durummaan paartii naannoo Amaaraa bulchaa jiru ADPtiin qeeqeera. Ka'umsi ibsa kanaa ajjeechaa aanga'oota waraanaa Federaalaafi bulchiinsa naannoo Amaaraa irratti raawwatame yommuu ta'u, rakkooleen hedduu kana waliin walqabatanii fuula duraatti uumamuu malan biyyaafis ta'e naannoo Tigiraay irratti dhiibbaa qabaachuu malu gama gamuudhaan kallattiiwwaniifi murteewwan barbaachisoo akeekeera. Qabxiiwwan ijoo ibsa Koree Giddu-galeesaa 'TPLF' 1. Yakka ajjeechaa aanga'oota raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwatame humnoonni biyya keessaas ta'e biyya alaarraa yaadaafi gochaan kallatttiiniifi lafa jalaan hirmaannaa qaban qaama walabaa aantummaa biyyaa qabuun akka qulqullaa'uu; aanga'oonni tikaafi nageenyaa shira kana keessatti ga'ee qabanis ta'e itti gaafatamummaa isaanirraa eegamu ba'uu dhabuu isaaniitiin badii raawwatameef akka itti gaafatamaniifi bu'aan adeemsa kana qulqulleessuus yeroo yeroodhaan akka ummata Itoophiyaaf ifa ta'u waamicha dhiyeesseera. 2. Yeroo ammaa biyya diigaa kan jiru humnoota of-tuultotaa bakka gara garaatii walitti qabamanidha. Humni kun carraa argatee akka fedhe akka burraaqu kan taasise ammoo ADPdha. Waan kana ta'eefis ADPn badii qaqqabe maraaf, keessattuu aanga'oota dhaabichaa irratti ajjeechaa raawwatameef gadi fageenyaan qorachuun akka itti gaafatamummaan jiraatu gochuufi ejjennoo ifa ta'e fudhachuudhaan ummata Itoophiyaa dhiifama gaafachuu qaba. Kanaan alatti rakkoowwan ofii dhokfachuudhaan badii raawwatame harki sadaffaan keeessa jira sababii jedhu dhiyessuudhaan ummata burjaajessuun dhaabbachuu qaba. Haala akkasii kana keessa jirachuu akka hin dandeenyes uummatichis hubateera. Kanaaf, ADPn dhimmoota hunaa irratti gadi fageenyaan erga gamaggamee booda ejjennoo ifa ta'e akka beeksisu Koreen Giddu-galeessaa ABUT waamicha dhiyeessa. Kana ta'uu yoo baate garuu, ABUT humna akkasii kana waliin hojjechuufi qabsaa'uuf akka hin dandeenye beekamuu qaba. 3. Rakkoon bu'uuraa hanga ammaatti uumame ADWUI keessatti gartummaa wal dha'aa ta'e uumameefi qabsoo gartummaa ifatti beekameen gargaaramuun yaadawwan hirkataa ta'e qabatee qaama deemu ta'aa dhufuu isaati. Kana waan ta'eefis nageenyi biyya keenyaa akka wabii argatuuf ADWUIn amalaafi amantaa duraan qabutti deebiyuun kallattii ifa ta'eqabachuun akka qabsaa'uufi bara dhufutti ammoo akka Heera Mootummaatti filannoo biyyaalessaa gaggeeffamuu qabu akka Addaafi mootummaatti ejjennoo isaa ummata Itoophiyaaf akka ifa godhu Koreen Giddu-galeessaa kun gaafateera. 4. Humni raayyaa ittisa biyyaa sirna heera mootummaafi walabummaa biyyattii balaa kamirraa ittisuudhaaf itti gaafatamummaa heera mootummaa isinitti kenname yeroo kamiyyu caalaa tokkummaa keessoo keessanii cimsattanii nagaafi tasgabbii biyya keessanii eeguudhaaf ga'ee keessan akka baatan waamicha dhiyeessaa kana yeroo raawwatanittis 'TPLF' fi ummanni Tigiraay har'as akkuma kaleessaa isin waliin dhaabannee akka isin waliin qabsoofnu mirkaneessina. 5. ABUT humna heera mootummaa kabajuufi sirna federaalaa hordofu waan ta'eef rakkoo yeroo ammaa ummataafi biyya mudate, akkasumas mudachuu malu hambisuudhaaf humnoota kaayyoo walfakkaataa qaban biroo waliin waltajjiiwwan bal'aa uumuun qabsaa'uun atattamaan akka hojiitti hiikamuuf Koreen Giddu-galeessaa ABUT murteesseera. 6. Gaaffiiwwan gara naannootti guddachuu naannoo sabaafi sablammoota Kibbaatti ka'aa jiran bu'uura heera mootummatiin hiikamuu qabu. Kanaan alatti gaaffii ummataa humnaan ykn karaa biraatiin hiikuudhaaf yaaliin taasifamu gonkuma fudhatama hin qabu. 7. Mootummaan Federaalaa biyya kana keessatti nageenyi amansiisaan akka mirkanaa'u, seerriifi ol-aantummaan seeraa akka kabajamu, mirgoonni namoomaafi dimokiraasii lammilee akka mirkanaa'aniifi heerri mootummaafi sirni heera mootummaa osoo hin sharafamiin akka kabajamuu qabu Koreen Giddu-galeessaa 'TPLF' irra deebiin hubachiiseera. Namoonni siyaasaa akkamitti akka ibsa TPLF kana ilaalan BBCn iyyaafateera. Dr. Adam Kaasee dhimma Bulchiinsaafi Dimokiraasii irratti xiinxalu, anaaf murteessan wantota rakkoo Itoophiyaa gara fuula duraa ta'aniif ibsichi kaasedha jedhu. Fakkeenyaaf, ADWUIn akka paartiitti ykn akka addaatti gara fuula duraatti eessa dhaqa? Filannoon bara dhufuu maal ta'uu qaba? Akkasumas dhimmoota gaaffii Sidaamaa ilaallatan irratti xiyyeeffachuutu caala. Isaan kun waan gara fuula duraatti ilaalanidha waan ta'eef murteesoodha jedhan. Namoonni hedduun ajjeechaa aanga'ootaa tibbana raawwatameen gara duubaa ilaalaa jira malee biyyattiidhaaf dhimmoota fuulduratti eeggatanirratti fuulleffachuutu murteessaadha. "ADWUIn caasaa duriidhaan humna duraan qaba ture yeroo ammaa qaba jechuudhaaf rakkisaadha. Garuu wanta kana ifa gochuun 'TPLF' qabxii isa jalqabaadha." ADP waliin hin hojjennu isa jedhu caalaa, humnoota haaraa biroo waliin hojjenna kan jedhutu dubbii ijoo ibsichaadha akka Dr. Adam jedhanitti. "Waliin hojjechuu ilaalchisee, hanga ammaattiyyu waliin hojjechaa jiru jechuunuu ni ulfaata. Yeroo hudnaa wal komachuufi himachuurratti dabarsu. Humnoota biroo waliin kan jedhu yeroo ilaallu, paartilee ADWUI ala jiranis ta'u danda'a. Kana garuu ilaaluuf jirra." Yeroo ADWUIn akka addaatti jiru gara paartii tokkoottin jijjiirama jedhaa jirutti kun uumamuun, Addichi maal gochuu qaba kan jedhu gaaffii uumeera jedhan. Ejjennoofi yaada qabaniin 'TPLF' warra siyaasa sabummaa irratti hundaa'e deggeran waliin walitti dhiyaata. Kun kan Sidaamaa gara fuula duraatti uumamu, ABIN fi ABO waliin sadarkaa yaadaatti walitti dhiyaatu. Hata'u malee, paartilee gurguddoo naannolee Oromiyaafi Amaaraa irraa yeroo ammaa aangoorra jiraniin alatti warra akka Sidaamaafaa waliin walitti dhufeenya uumee paartii cimaa dhiibbaa uumuu danda'u ta'uu dhiisuu mala. Obbo Lidatuu Ayaaloo ammoo ibsa 'TPLF' kana akka ofiin rakkoo uumamerraa bilisa of taasisuun ADP qofaatti quba qabaa jirutti ilaalu. TPLF rakkoon biyyattii dhugumaan kan isa yaaddessu taanaan, ceepha'uufi komiidhaan otoo hin taane paartii keessatti qabsoo gochuun gara bal'achuun furama jedhan. TPLF warra kaan waliin hojjechuuf qophii tahuun, akkasumas rakkoowwan bu'uuraa biyyattii kanarraan gahaniif shoorri isaas guddaa tahuu amanuudhaan rakkoo kana hiikuun kan danda'amu jedhan Obbo Lidatuun. Rakkoon kuni erga TPLF aangoo irraa bu'ee kan uumame fakkeessuuf yaaluun dogoggora durii irraa barachuu dadhabuu isaa agarsiisa. Qaama rakkichaa gatii taheef qaama furmaataasaa tahuu qaba. Akka Obbo Lidatuun jedhanitti, miseensonni ADWUI bu'aa offii isaarra bu'aa biyyaaf dhimmammu taanaan, ummata waggaa 27 guutuu miidhan tajaajiluuf, dhugumaan gaabbbaniiru taanaan dhiisanii bahuu otoo hin taane yeroon akka tokkootti dhaabachuu qaban har'a. "Ibischi ammoo kan inni fulleefate ADP akka diinaatti kaa'uun humnoota biroo ADWUI ala tahanii, adeemsa isaa fudhatan wajjin hojjechuuf fedha akka qabudha kan ibsame." Kunimmoo yaada ummata Tigraayidha jedhee hin amanu kan jedhan Obbo Lidatuun, ummatichas ummata Itoophiyaa irra adda baasa. "Ilaalcha sirrii tahe mitii, rakkoo bu'uuraati. Ummanni Tigiraayis ilaalchi ibsa kanaa sirrii akka hin taane hubatee ifachuu qaba." Ummanni Tigraayiifi Amaaraa garuu rakkoo amma jiruu keessaa bahuu barbaadu malee walitti bu'insaafi muddama keessa galuuf fedhii hin qaban. Ummanni fedhii akkasii hanga hin qabaanne, qaamoleen fedhii kana qaban waan barbaadan gochuu hin danda'an jedhan Obbo Lidatuun.
oduu-44882332
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44882332
Itoophiyaan zayita boba'aa Sawudiirraa liqiin dabalataan gaafatte
Itoophiyaan yeroo ammaa rakkoo sharafa alaa keessa jirtu kanaaf zayita boba'aa waggaa tokkoof ishee ga'u liqaadhaan Sawud Arabiyaarraa akka dhiyaatuuf gaafachuu ishee Itti Gaafatamaa Waajira Ministeera Muummee Obbo Fitsuma Araggaa heeruun Rooyitersitu gabaase.
Sharafa Biyya alaafi ejjennoo ministira muummee Zayita boba'aa galchuudhaaf waliin dubbachaa jirra. Dhimmi kun gadi fageenyaan ammallee ilaalamee hin dhumne. Akka sagantaatti kan qabameefi dhiyeessi zayita boba'aa akka jiraatu kan dandeessisu akka ta'e gabaasni kun ni mullisa. Rakkoo hir'ina dolaaraafi daandiirraa kan ka'een meeshaan toonii miliyoona 1.6tti tilmaamamu Ulaa Galaanaa Jabutiirratti tuulamee akka jiru gabaasni kun dabalee addeesseera. Humni bittaa Birrii hir'achuun dhiibbaa akkamii qaba? Itoophiyaan erga dhiyeenya kanaa rakkoo sharafa alaa keessa akka jirtu ibsuudhaan Ministirri Muummee namoonni maallaqa biyya alaa harkatti qabatanii jiranis gara baankii geessanii akka jijjiiraniifis gaafataniiru jedha gabaasni kun.
oduu-50873219
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50873219
Dhaabbileen Itoophiyaa miidiyaa hawaasummaa isaanii to’achuu maaliif rakkatu?
Guyyaa kaleessaa, Kibxata A.L.I Bitootessa bultii 01, 2012 suuraan miidiyaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa fuula Fesbuukii isaa irratti gadhiise komii guddaa kaaseera.
Dhaabbatichi nama kana dalage jedhe yakkee hojiirraa akka dhorkeefi dhimmicha poolisiin qorataa jira jechuun Walitti Qabaan boordii dhaabbatichaa Obbo Kaasaahun Goofe ibsaniiru. Obbo Kaasahun wanta raawwate 'fokkisaadha' jechuun fuula fesbuukii isaanii irratti ibsaniiru. Dhaabbatichis kanaaf dhiifama gaafateera. Namni kanaan shakkames amaneera jedhameera. Haa ta'u malee, wanti akkanaa haaraa miti. Erga dhihoo as fuula miidiyaa hawaasummaa miidiyaalee Itoophiyaa irratti dogongorri amanuuf nama rakkisu irratti mul'achaa jira. Kunneenis, miidiyaa hawaasummaa irratti dubbii ijoo yeroo ta'an kanneen miidiyaalee xiinxalan immoo gaaffii guddaa akka kaasan dirqeera. Akka fakkeenyaatti, baatii Muddee darbe yeroo Itoophiyaan saatalaayitii furguggiste suuraan saatalaayitii miidiyaaleen mootummaafi qondaaltota mootummaa fayyadaman kan sirrii hin turre. Miidiyaan Waaltaa fuula Fesbuuki irratti pirezidantiin I/Aanaa Naannoo Tigraay du'aniiru jedhee boodarra oduu sobaa ta'un isaas komiifi qeeqa guddaa kaaseera. Midiyaan OBN immoo baatii Muddee keessa suuraa MM Abiy Ahimad badhaasa Nobeelii yeroo fudhatan eeyyama malee fayyadame jennaan dhaabbatni Fesbuukii torban tokkoof fuula Fesbuukii isaa akka hin fayyadamne dhorkeera. Dogongoroonni mudatan ammallee rakkoon hubannoo akka jiran akka agarsiisu hayyuuleenis ta'e kanneen damee miidiyaa hawaasummaa miidiyaa kanneen hogganan ni himu. Rakkooleen akkanaa miidiyaa hunda ibsuu baatanis yeroo adda addaattii rakkoowwan alaalaa mul'atan irraa ka'un yoo ilaalamu rakkooleen miidiyaaleen hedduu qooddachuu danda'an akka jiru mul'isa. Rakkoowwan ijoo mudatan keessaa dhimma to'annoo miidiyaa hawaasummaa, oduu sobaaf saaxilamuufi abbeentaa qabeenya dhuunfaaf xiyeeffannoo isaan kennanidha. ''Itti fayyadama [miidiyaa hawaasummaa] irratti dadhabinni ni jira. Rakkooleen amma mudatan calaqqee sanaati'' jechuun yunivarsiiti Finfinneetti barsiisaan gaazexeessummaa Obbo Eliyaas Warquu himu. Oduu Sobaa Miidiyaan Waaltaa fuula Feesbuukii isaa irratti oduu Pirezidantiin itti - aanaan Naannoo Tigraay du'aniiru jedhu erga bahe booda dhiifama gaafachuun akka qoratu himeera. Gabaasni kuni televijinii gubbaa bahu baatus ijoo dubbii ta'e Naannoon Tigraay ibsa akka baasu dirqee ture. Rakkoon miidiyaalee, keessumaa kanneen mootummaa rakkoo oduu sobaa tamsaasan baay'eedha jechuun hin danda'amu yaada jedhu qaba gaazexessaa Eliyaas Masarat. ''Beekanis ta'e osoo hin beekin miidiyaaleen oduu sobaa dhiheessanis fuulawwan fesbuukii tokko tokko waliin yeroo walbira qabamu hami isaa xiqqaadha,'' jechun ibsa gaazexessaan miidiyaa AP'f hojjetu kuni. Ta'us, rakkoowwan akkanaa yeroo garaa garaatti ni mul'atu. Yunivarsiitii Finifnneetti barsiisaan onlaayin Jornaalizimii Eliyaas Warquunillee kana mirkaneessu. ''Tokko tokko dogongoreera jedhanii dhiifama kan gaafatan jiru. Kan gabaase sana balleessee callisus jira. Kan immoo akkana jechuuf jenneeti jedhaniis jiru,'' jechuun hunduu dhiifama gaafatu jechuun akka hin danda'amne himu. Oduun Waltaa kuni dafee akka badu ta'us namoonni garuu 'screen shot' suuraa isaa kaasun akka waliin gahu taasisaniiru. Miidiyaafi Kominikeeshinii Waaltaatti Hogganaan websaayitiifi Miidiyaa Hawaasummaa Obbo Abbaba Dassaalany garuu kanaan hin gammadne. Miidiyaan hin dogongoru hin jedhamu kan jedhan Obbo Abbabeen, dogongorri yoo jiraates dhiifama gaafachuun barbaachisaa akka ta'e himu. Wanti goones kanaa jedhan. Obbo Abbabaan dogongora ta'un erga ibsamee booda wanti akka afarfamu ta'e garuu sirrii akka hin taane kaasun qeequ. ''Miidiyaan tokko yeroo dogongora raawwatu miidiyaadhuma sana irratti dhiifama yoo gaafate eergasii booda akkaataan miidiyaan kana walharkaa fuudhan maalif barbaachise?'' jechuun gaafatu. Kanaafis, ''Amma maaltu ta'aa jira yeroo miidyaan tokko dogongoru inni 'screen shot' godhanii waan jiruf baay'ee of eeggachuun barbaachisa,'' jechuun dhaamu. Kanaaf, falli mirkaneessanii gabaasuun akka barbaachisu dhaamu. Sababni gabaasa oduu sobaa fuula Fesbuukii Waaltaa irratti bahe kan qoratamaa jiru yoo ta'u namoota hojii kanatti hidhata qabu jedhamani shakkaman afur dhaabbatichi hojiirraa dhorkeera. Dhimma oduu sobaa gabaasuun walqabatee furmaanni jarjarsuun gabaasurra suuta qulqulleeffatanii gabaasuun fala akka ta'u Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa Onlaayin Joornalaizimii kan ta'an Barsiisaa Eliyaas Warquu ni dubbatu. ''Dursani baasanii waan hin mirkanoofne gabaasurra, takka obsanii oeeffannoo amanamaa kennuu wayya.'' Mirga Abbentaa [Copyright] Dhimmi biroo miidiyaaleen biyya keessaa itti himataman keessaa tokko kan ta'e mirga abbeentaadha. Gabaasaalee akkasumas suuraafi viidiyoo baka biraatii fuudhun abbichaaf beekkamtii kennuu dhabun yeroo akka ofiitti gabaasan ni mul'ata. Gaazexessaa Eliiyaas Masaratillee kanuma hubachuu hima. ''Kuni miidiyaa dhuunfaafi mootummaa irratti rakkoo bal'inaan mul'atudha. Intarneeta yookiin miidiyaa hawaasummaa gubbaa suuraa yookiin viidiyoo akka ofiitti fayyadamuun ni jira.'' Gama kaaniin, OBN fuula Fesbuukii isaa Afaan Oromoo irratti suuraa Ministirri Muummee Abiy Ahimad Nobeelii badhaafaman mirga abbentaa osoo hin kenniin maxxanse jennaan rakkoo seenee ture. Dhimma kana irratti kan gaafanne Daarektarri I/Aanaa OBN Obbo Bojaa Gabbisaa kanuma mirkaneessu. ''Suuraa Dr Abiy badhaasa Nobeelii fudhatani sani. Suuraa san kan hojjeechisiise immoo nuyi miti,'' jechuun mirga abbentaa malee maxxanfamuu isaa himu. Sababa kanaanis, torban tokkoof fuula Fesbuukii isaanii kan Afaan Oromoo irratti maxansuun akka hin danda'amne himan. Kan isaan adabe immoo dhaabbata Fesbuukii akka ta'e dhaaman. Yeroo kuni ta'u garuu kuni kan duraa miti. Kana durallee sababoota garaa garaan akeekkachiisi itti barreeffame akka ture yaadatu. Kanaaf akka falaatti of eeggannoon akka taasifamuu qabu akeeku. Yoo fayyadamanis mirga abbeentaa kennuun akka barbaachisu dhaamu. To'annoo Miidiyaa Hawaasummaa Rakkoo Waaltaa mudate booda dhaabbatichi lakkoofsa namoota fuula Feesbuukii dhaabatichaa to'atan akka hir'ise gabaafamus, dhabbatichi garuu kana irratti ibsa kennuu hin feene. Obbo Abbabaan akka jedhanitti rakkoon kuni gaafa xumurame ummataaf ifa godhu. Rakkoo mudate ogeeyyonni dhaabbata Eejansii nageenya Odeeffannoo [INSA] irraa dhufanii akka qorataa jiran himan. Gaazexessaa Eeliyaas Masarat immoo namoonni fuula Fesbuukii dhaabbilee to'atan baay'achuun rakkoof saaxiluu akka danda'u amana. Yaada kana irratti garuu Obbo Ababeen waliin galan. Furmaata Erga rakkoon jiraateefi dhaabbileen akkasumas kanneen dhiheenyatti hordofan erga dubbatanii booda wanta fala ta'u kaa'un barbaachisa. Rakkoon rakkoo hubannoo erga ta'e rakkoon kunis deeggarsa kennuun akka furamu danda'u himu akka ta'e himu Obbo Ababaan. ''Miidiyaa hawaasummaa irratti miidiyaaleef leenjin kennamuu qaba. Kuni waan bu'uuraati,'' jedhan. Obbo Bojaanis yaada kanaan walii galu. Keessumaa, miidiyaalee idil -addunyaa kanneen akka BBC fi kaan irraa muuxannoo qooduun osoo jiraate fala ta'u akka danda'u himu. Haa ta'u malee, hanqinni hubannoo gama dijitaalaa miidyaalee keessa qofaa osoo hin taane dhaabbilee barnoota olaanoo keessattille hanqinni qabiyyee barnootaa dijitaalaa akka jiru eeru barsiisaa Eliyaas. ''Gama pirofeshinaalaafi gama akkaadaamikii yoo ilaalle dhimma kanaan ganaa jalqabbiirra jirra,'' jedhan. Miidiyaa hawaasummaa irratti hanqinni hubannoo jira isa jedhaniifis furmaanni leenjiifi deeggarsa garaa garaa taasisuu akka ta'e BBC'tti himaniiru.
oduu-44464608
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-44464608
Jean-Pierre Bemba: ICCn aanga'aa waraanaa' garee finxaaleyyii Koongoo bilisa baase
Manni Murtii Yakkamtoota Waraanaa Idil-addunyaa (ICCn) hoogganaa garee finxaaleyyii Dimokiraatik Rippaablika Koongoo akkasumas Pirezidaantii Itta Aanaa biyyattii kan turan Jean-Pierre Bemba bilisaan akka gadi dhiifaman ajaje.
Jean-Pierre Bemba hidhaan waggaa 18 itti murtaa'ee ture Torbee darbe Abbaan Murtii Mana Murtii Oliyyannoo himatni yakka waraanaa fi sarbamuu mirga namaan walqabatee irratti banamee ture akka haqamuuf murteessee ture. Jean-Pierre Bemban bara 2016 ture yakka kanaan kan himatame. Bambaan ammallee ragootaaf matta'aa waan kennuusaatiif himatni biraan irratti banamuuf jedha. Abbootiin seeraa garuu, namni kun gara Beeljiyeem deemee maatiisaa arguu akka qabu murteessaniiru. Yakka matta'aa ragootaaf kennuu ittiin himatamuuf jedhuuf yoo adabames kan hanga yoonaa hidhame yoo ilaalame dhibbeentaa 80 waan xumuree jiruuf nama kana to'annoo jala oolchuun sirrii miti jedhu abbootiin murtii. Baambaan bara 2008 ture Beeljiyeemitti ajaja ICC irraa darbeen kan qabame. Loltoota isaa biyya ollaa Rippaabilika Afriikaa Giddu galeessaa ce'anii uummata akka hin ajjeefneefi yakka dirqiin gudeeduu akka hin raawwanne gochuu waan dadhabeef himannaan irratti baname. Bara 2016 keessa hidhan waggaa 18 itti murtaa'e. Yakka gudeeddiitiin ergama waraanaa raawwachuudhaan wayita ICC dhaan himatamu nama jalqabaa ta'eera.
oduu-46744253
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-46744253
Abiy Ahimad: Gaggeessaa biyya isaa fayyisuuf waadaa gale
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad haaromsa gurguddaa cunqursa gama siyaasaan ture hambisurratti xiyyeeffatan heddu labsuudhaa galateeffatameera jedha barreessaa fi Gulaalaan BBC Afrikaa Fergaal Kiin gabaasa isaa erga Itoophiyaa daawwatee deebi'ee barreessen.
Ummanni buufata xiyyaaraa Jimmaatti kumaatamaan akkaa'aman bahuun simannaa taasisanis gammachuufi sirba olaanaan kan guutaman turan. Garuu, gareen sirbitootaa akkasii kunis yeroo baayyee gaggeessitoota cicimoo Afrikaa keessaa wayita galaniifi deebii'aniitti simannaa fi ggeessaaf taasifamudha. Dhiiraa fi dhalaa, jaarsaa fi jaartii akkasumas daa'imman xixiqoon illeen osoo hin hafiin olkaafamanii ummata daandii guute olitti baatamuun, aggeessitoota siyaasaa gahaa jiran ilaaluuf bahanii ture. Manguddoon tokkos ''baay'ee gammannerra'' jedhan sagalee isaanii kan baandii poolisootaan ol kaasuun. Waggota dheeraaf kan eegaa turre dha. ''Kun nuuf haaromsa dha [renaissance] jedhan.'' Ce'umsa gara haaromsaatti Egaa nuyis Abiy Ahimad waliin jirra. Xiyyaara isaa irraa bu'ee miiraafi haala eegdota nageenyaa isaa ilaalee gara namoota isa simachuuf bahaniitti gale. Daa'ima tokko ofitti qabee dhungate, jaarsa achi ture tokkoos ofitti qabee hammate, jechuun taajjabbii isaa itti fufe Fergaal Kiin. Anis akka dhunfaatti waa'ee kutannoo inni qabu fi abdii egeree biyyitti yaadeen dinqisiifadhes jedhe. Biyyoon Afrikaan nama akkasii muraasa kan argite beekttu jedhu. Deegartootni dimokiraasii yeroo jijjirama dhufe dedeggaran. Ogganaa dargaggeessa umuriin waggaa 42 ardii Afrikaa keessa jiruu yoo ta'u, dhiibbaan inni taasee garuu kan umurii isaatiin oliiti. Haa tahu malee dhiibbaa inni gama siyaasaan fide umurii isaatiin ol bilchina kan qabudha jedhe. Wayita baatii sagaliin dura paartiin isaa ADWUI akka Ministira Muummeetti isa fileetti, biyya uumata miiliyoona 100 ol qabduufi baayinuma kanaan ardii afriikaatti lammaffaa kunis, battalumaan biyyattii gara siyaasa abbaa irree irraa gara haaromsaatti geeddare. Akkasumas wal dhabdee waggota 20 Eertiraa waliin ture xumuruun, biyya keessaa ammoo hidhamtoota siyaasaa kumaatama gadhiisise. Miidiyaaleen bilisoomsuun akkasumas kaabinoota isaa wallakkaa dubartootaan guute. Akkasumas paarlaamaan biyyittii muudama dubartootaisaa fudhachuun ishee pirezidaantummaa mana murtii olaanaaf dhiyeesse raggaasise. Waggoota 14 dura, Burtukaan Miidhaqsaa ji'oota 18'f mana hidhaa erga turteen booda gara Ameerikaa deemte. Yeroo Abiy waamicha taasiseef akka isheen boordii filannoo dursitu muuduu dhageessu akkuma warra kaanii baay'ee dinqisiifannaan fudhatte. ''Miiliyoonota tahuu baatanis Kumaatamni jijjirama kana fiduuf aarsaa guddaa kaffalaniiru'' jette Aadde Burtukaan. 'Qawween osoo hin taane yaadatti fayyadamaa' Jijjiramichi Dr Abiyi ammayyuu hudhaalee ammayyuu isa mudachaa jiran irratti xiyyeeffata. Wayitan eebba barattoota medikaalaa Yunivarsiitii Jimmaa irratti isa argeettis, ''Yaadaan malee qawweetti hin fayyadamiinaa'' jechuun barattootaaf waamicha dabarse. Fakkeenya akka Jaappaan fa'aa, kan waraana Addunyaa Lammaffaan booda dinagdee hammayyaa'aa ijaaruun bayyanachiseen gorsaa ture. Dhugaawwan murteesso: Waa'ee Abiy Ahimad irratti Itoophiyaan guddina dinagdee saffisaa tahe addunyaa irraa haa qabaattu malee, ammayyuu dargaggoonni hedduun hojii malee jiru. Garuu Abiy dinagdee bilisaa mirkaneessuun malaammaltummaa kan dhabamsiisu tahe, dargaggonni humna carraa jiru tahuu danda'au. Kanaan ala garuu gufuu tahuu danda'a. Itoophiyaa keessa sabaa fi sablammoonni 80 ol jiraatanis, wal qoqqooduun waggoota dheeraaf waan hidda gadi fageeffate tureedha. Bara darbe immoo wal qoqqoodinsi kun Lixa biyyittii keessatti haalaan ol ka'ee waan tureef lammiilee miiliyoona 1.4 tahan qe'ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqisuu danda'eera jedha gabaasni Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii. Walumaagalatti, yeroo dhiyootiin as lammiileen miiliyoona 2.8 tahan qe'ee isaanii irraa kan buqqa'an yoo tahu sababii guddaan biraa ammoo waldhabdee daangaa Oromiyaa fi Somaalee gidduutti uumame tureedha. Waggoota kurnan darban keessa mootummaan wal dhabdee akkanaa kana tasgabbeessuuf humnaa fi seeroota hamoo tahan fayyadamaa tureera. Quuqqaafi aariin ture kun bara 2016 keessa dhohuun mul'achuu jalqabe. 'Ammas cimina sagalee Abiy keessaa' Hiriirrii nagaa gurguddaan saba Oromoon gaggeefamaa ture Ministirri Muummee yeroo sanaa Haayilamaariyaam Dassalanyi akka taayitaa irraa bu'uuf kakaaseera. Booda ammoo Abiy Ahimad akka filamuuf dhiibbaa gurguddaa gochaa turaniiru. Abiy Ahimad Ministira Muummee saba Oromoo irraa yeroo jalqabaaf filatame yoo tahu, inni ani gaggeessee lammiilee Itoophiyaa hundaa akka tahe irra dedeebiin dubbateera. Yeroon Jimmatti isa arguu jedhe Fergaal Kiin, ati biyya akkasitti wal qoqqoodde kana tokkummeesuu dandeessa jedheen gaafadhe jedhe. Tuta namootaa achi turan irraa achi bubutan eegdotni isaa. Innis gaaffii kana hordofee xiqqoo callisee asii fi achi ilaalee sagalee isaa ol fuudhuun: ''Eeyyee, sirriitti male'' nan jedhe. Yeroo darbes Komishiniin Nagaa fi Araaraa hundaa'e rakkoo kana furuufi. Haa tahu malee gufuu guddaa tahuu kan danda'u heera mootummaa biyyittii sabummaa irratti hundaa'uun naannolee qoqqoodudha. Mirga sabaafi sablammii kabajuun yaada tokkummaa biyyaa ijaaru irratti hojjechuun ammoo tarkaanfii siyaasaa fi seeraa hojiirra oolchuu barbaada. Haaromsawwan Abiy kan bara 2018 Uuumata banamuu daangaa Ethiyoo-Eertiraa ayyaaneffatu Naannoo Tigiraay isa kaaba biyyattiitti keessa ammoo raafa guddaatuu tureera. Sabni Tigiree lakkoofsaan xiqqaa tahanis bulchiinsa duraanii keessatti garuu idoo hedduu qabatanii ture. Yeroo dhiyoo kana ammoo dhalattotni Tigiree humna waraanaa, nageenyaa fi abbootii qabeenyaa tahan sarbama mirga namoomaa fi malaammaltummaan himatamaa jiru. Imala yeroo tokko Tigiraayitti taasiseen, jarri yeroo tokko humna guddaa qabaataa turan amma qoodamsi isaan mudachuu yoo dubbatan dhagaheera. Ministirri Komunikeeshinii duraanii Obbo Getaachoo Raddaa, Tigiroonni amma akka farra jijjiramaatti ilaalamaa jiru jedhe. Akka gaggeessitootni Tigiraay duranii qofti yakka hojjetaniitti gaafatamaniitii ilaalama jedhe. Michuu Abiy akka tahe kan himu Geetaachoon, biyya kufuuf turte diigumsa irraa oolche jedhe. Inni hojiiwwan waggoota kurnanii turtii ji'ootaa keessatti gadi busee hojjate jedhe. Abiy amma hanqina humnaa hin qabu saffisa guddaan hojjechaa jirra jedhe. MM Abiy biyya isaanii filannoo 2020'f qopheessuuf ifaajaa jiru. Naannoo Tigiraayitti jiraattotni ani dubbiselleen gaggeessaa akka cimaatti isa ilaalu jechuun barreesse. Eelsaa Tesfaayee qonnaan bultuu naannoo daangaa Eertiraa jiraattu yoo tahu, yeroo waraana Ethiyoo-Eertiraa obboleessa ishee dhabdeetti. Isheen Abiyyiin nama nagaa fideef akka tahettii amanti. ''Kanaaf isan galateeffadha'' jette. 'Lallabaa Haaromsaa' Eelsaan haala qoqqodinsa sabaan tahaa jiru ilaalchistee ''yoo haala kanaan itti fufa tahe ilmikoo injiinariingii barachaa jiru naannoo biraa deemee hojjechuu danda'aa kan jedhu na yaaddessa'' jette. Jiijiramichi gaariidha. Yoo jibbinsii fi wal qoqqooduun hafe natti tola jette. Abiy nama amantaa Pheenxeeqostaalii hordofu yoo tahu, haaromsa isaa keessattis barsiisota kanneen itti fayyadamuunsaa waan hafu miti. Gaaffii guddaan jiru osoo itti fayadama humnaa kanaan duraa turetti hin deebi'iin haala wal qoqqoddaa fi wal dhabdee mul'ataa jiru hiikuun hanga filannoo bara 2020'tti ce'uu danda'aa kan jedhu dha. Yeroo Abiy Jimmaa gadhiisee bahuuf jedu dubbisuuf yaaleen ture. Akkataa aadaa biyya isaaniitti na hammachuun na dhungatee na dubbise jedhe Gaazexessaan kun. Adunyaan fakkeenya Itoophiyaa fudhachuu qabdi naan jedhe. Argitee akkaataatti uummanni waliin jiraatu natti hime. Buqqa'iinsa uumameen alattis abdiitu haasawa isaa hunda irraa mul'ata. Garuu jidduu haaromsaatti gaaffii ilaallatu irratti cimina akka qabu ni beekama. ''Waanti si dhaabu jiraa?'' gaaffii jedhuuf, ''tasumaa'' jechuun shakkii tokko malee naaf deebise.
oduu-47169470
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47169470
Bulchaa Dammaqsaa: Paarlaamaa keessa yeroo jalqabaaf Afaan Oromootiin nama dubbatan
Yeroo bulchiinsa Hayilasillaasee Itti aanaa ministeera Maallaqaa kan turanii fi bara Obbo Mallas ammoo paarlaamaa keessatti Afaan Oromootiin dubbachuun kan beekaman Obbo Bulchaa Dammaksaa BBC Afaan Oromoo waliin turtii taasisaniiru.
Turtii keenyaaniis seenaa jireenyaa isaaniitii hanga karoora saanii gara fuula duraatti yaadasaanii nuuf qoodaniiru. Seenaa isaanii Maqaankoo Bulchaa Dammaqsaan jedhama. Yunvarsiitii biyya Ameerikaa keessa jiruufi Sirekiyuuz Yunvarsiitiidhaa eebbifameen gara Itoophiyaa dhufee Ministeera maallaqaa keessattin qacarame. Kunis bara mootummaa Hayilasillaasee ta'usaati. Yeroosanattis gara waggaa 10 itti aanaa ministiraa ta'een hojjedhe. Sana booda gara biyya alaattiin deebi'ee deeme. Sanii asitti baayyee Itoophiyaa keessa hin hojjenne. Erga ADWUI aangoo qabateen deebii'ee dhufee marsaa tokkoof paarlaamaa seeneen ture. Isaan alatti biyya kanatti hojii mootummaa hin hojjenne. Waa'ee Paarlaamaa Itoophiyaa Paarlaamaan Itoophiyaa ilaalumaafiin seene malee dhugaatti paarlaamaa dhugaa hin jedhamu ture. Maalifi yoo jette akka biyya biraatti, ummanni adda addaa akka lakkoofsa isaaniitti kan filataman hinturre. Fakkeenyaaf ani Wallaggarraan filatame. Osoo dhugaa ta'ee aanaan ani irraa dhuferraa namni sadii bakka bu'uu qaba ture. Ani garuu aanaa Guddaa keessaan filatamee dhufe ture. Eenyu eessaa akka filatamu ammoo warri ADWUI murteessaniiru. Kanaaf yaannikoo ummata nafilateef afaan ta'ee dubbachuu, abjuu duwwaa ta'ee hafe. Maaliifi yoo jette, ani waa'ee rakkina Itoophiyaan dubbachu barbaada ture. Oboo Mallas immoo waa'ee biyya xinnoo bakka irraa filatamee dhufee sanaa qofa akkan dubbadhu barbaada ture. Ani lammii biyyattii ergan ta'eetti, paarlaamaa keessatti waa'ee Itoophiyaa guutuun dubbadha malee waa'ee iddoo xinnoo ani irraa filatame, Boojii Dirmajjii fi Laaloo Asaabii qofaadha kanin dubbachuu qabu? Fakkeenyaas, wayitan ani maaliif biyya Somaaliyaa waraanuuf deemta jedhee gaafadhu, 'maaltu sigalche kana keessa' naan jedha. Kanaaf egaa kanan akka paarlaamaa biyya biraa miti kan keenya jedheef. Akka isaan yaadanitti paarlaamaan kanuma isaanii duwwaa ture. Isaanis kan nuuf dubbatu fi nuuf filatu isaan qofa ta'u waan yaadaniif, kanaan ala namni dubbatu isaanii diina. Kanaaf yeroo sana paarlaamaatu jira malee dimokiraasii wanti jedhamu hinturre. Paarlaamaan abbaa barbaadan filachiisanii waan isaan barbaadan qofa akka dubbatamu barbaadu. Animmoo waan isaan barbaadan duwwaa hin dubbadhu, waan Itoophiyaaf barbaachisu malee. Rakkoo dinagdee biyyattii, dhimma al-ergiifi qonnaa akkasumas dhimma mana barumsaa babal'isuun dubbachaa ture. Boodarra mana barumsaa baayisaniiru; kanaafis galateefachuun gaariidha. Waliigalatti garuu mootummaan suni mootummaa biyya guddisu miti, mootummaa biyya xinneessuudha malee. Paarlaamaa fi Afaan Oromoo dubbachuu Ani gaafan filatamee paarlaamaa seenu Afaan Oromootiinan dubbadha jedheen ummatattis hime. Akkuman jedhetti dubbachuu jalqabeen ta'uu dide. Warri achi keessatti afaan hiikan waanin ani afaan Oromootiin dubbadhu afaan Amaariffaatti hiikuu dadhaban. Ajajni kennameef osoo hintaane teeknikaaliima dadhaban. Kanaaf warri achi keessatti hojjatan 'maaloo Obbo Bulchaa Afaan Oromoo dubbattan nutimmoo hiiku dadhabne maaloo nu dhiisaa,' jedhanii na kadhatan. Kanaafuu, ergan waaniin dubbadhu hin hubatamu ta'ee maaliifan dubbadharee jedheetiin, Afaan Oromootin dubbachuu hir'isaa deeme. Sababiin ani Afaan Oromootiin dubbachuu itti barbaadeefis, Oromoon yoo afaan isaatiin hin dubbatamu ta'e waan mootummaarraa dhufu sirnii hin hubatu. Oduu namarraa dhagaha jechuudha. Biyya biraatti ummanni waan mootummaan jedhu afaanuma ofiitiin dhagahee hubata. Biyya kanatti garuu kuni hin taane. Afaan keenyaa fi afaan isaanii tokko miti. Baayyinaan osoo hunda caalluu, kun ta'uun sirrii miti. Jijjiirama siyaasaa dhuferratti maal jettu? Jijjiiramni kuni hammanatti ni dhufa jedhee hin yaanne ture. Maalifi yoo jette mootummaan amma duraa suni ganaa waggoota 25 oliifaa ni turu jedheen yaadaa ture garaakootti. Malee Waaqayyo hammanatti ibsaa nuuf baasa jedhee hin yaanne ture. Ergan biyya kana dhufee waan haaraa baayyeen arge. Tokkosaas isan amma Afaan kiyyaan BBC'tti dubbachaa jiru. Ammaan dura carraa akkanaa hin qabnu ture. Ani waggaa 20 dura BBC'f si'a lama xalayaa barreessuun' akka ummanni Oromoo lakkoofsaan guddaa, afaan keenyaan miidiyaa akka eegalaniif' gaafadheen ture. Xalayaan ani barreesseef suni tarii galmee isaanii keessaa argamuu mala. Amma kunoo BBC'n Afaan keenyaan hojii jalqabeera, kanaaf baayyeen galateefadha. Waaqayyo nugargaaraa jira. Garuu Ammayyuu taanaan Afaan Oromoo Afaan Itoophiyaa ta'ee hin dubbatamne. Miidiyaan biyya kanaas afaan Oromootiin baayyinaan hojjechaa hin jiran kuni fooyya'uu qaba. Ammayyuu afaan keenya afaan biyya kanaa ta'uu qaba. Kuni nan gammachiisne. Dr Abiyyis kanaratti hojjechuu qabu. Wanti maddii maddii jedhan, akka qusachuu fi dhoowwachuu ni mul'ata. Nutimmoo haa bal'atu, Oromoon biyyasaa keessatti afaansaatiin waan hunda haa dhagahu jenna. Oromoon Amaariiffa qofa miti kan dhagahuu qabu, afaan Oromootiin gurrasaatiin dhagahuuf mirga qaba. Itoophiyummaa fi Oromummaa akkamitti ilaaltu? Oromoodhaan alatti Itoophiyaan hin jiru. Kana qofa miti Amaarris, guraageenis saboonni biroos Itoophiyaaf ni barbaachisu. Ani yaada Oromoo Guddisee Itoophiyaammoo xiqqeessuu hin qabu. Oromoon akka baay'inaa fi bal'ina isaatti yoo ilaalle, Itoophiyaadhaaf mucaa hangafaati. Waan Oromoon biyya kanaaf gumaachu gama qonnaa, nama barateen fi waan hundumaan yoo ilaalle, biyyuma Oromootii dhufa. Kan Finfinnee sooraa jiru Oromoodha, Finfinnee duwwaas miti biyya biraatiifuu ni taha Oromoon. Kuni waan xiqqoo miti waan guddaadha. Ummanni kana biyyaaf godhu gadi qabamee ilaalamuu hin qabu. Akka mucaa hangafaatti ilaalamuu qaba malee. Magaala Finfinnee kanatti miidiyaan garri caalu Afaanuma amaariffaa qofaan hojjetu; kan afaan Oromoo baayyee xiqqaadha. Erga lakkoofsaan caallee, dinagdeenis guddaa taanee jirruu maaf gadi qabamnan jedha ammas. Oromoon akka durii gadi qabamuun, tuffatamuun amma tasuma hin danda'amu. Waliigalatti, jijjiramani amma dhufe kuni abdachiisaadha. Garuu mootummaa kana humnaa oldhiibuu hin qabnu. Mootummichi ofumaaf waan ta'uu malu dafee yoo raawwate malee nutis karuma hundaan dhiibbaa itti baay'isnee kufuu dandaha. Kufaatiinsaa ammoo numiidha malee nun hinfayyadu. Amma abdii malee waan arganne hin qabnu. Waggaa torba saddeet guutuu abdii qofa taanaan garuu ummanni nuffee aaree lola kaasa. Paartii jalqaba hundeessan 'Sochiin Dimokiraasummaa Federalistii Oromo' kaayyoonsa waan Oromoon dhabe hunda argachiisuuf ture kan hundeessine. Yeroos Oromoon hundi balbala cufateetuma taa'aa ture. Kanaaf nutis 'Oromoon jira!' jechuun agarsiisuuf yeroos kan kaane. Ammas warri akka Pirofeesar Mararaa, obbo Baqqalaa fi obbo Mul'aatuu Gammachuufaa itti cimsaatuma jiru. Filannoo bara dhufuu irratti ni hirmaattuu? Eeyyee nan hirmaadha. Ani kanan dorgomu akka paartiitti osoo hintaane dhuunfaa kiyyaanan dorgomuun biyyuman duraan irraa filatametti deebi'een na filadhaa jedhaan. Qofaa koo paarlaamaa seenee waanin dubbadhun qaba. Dhimma biyyaa baatee kan deemu, kan guddisu, kan xiqqeessus paarlaamaadha. 'Bakka baankiin dhuunfaa hin jirreetti qonnaan bulaan Oromoo, daldalaan Oromoo eenyurraa liqeefata?' Kanaaf filatamee paarlaamaa seenee dhimmoota baayyeerratti yaada kiyya dhiheessuun barbaada. Dhimma Oromoorratti baayyeen dubbachuu barbaada. Yoo ormi fooqii keessa jiraatu Oromoon godoo keessa jiraachuu hin qabu. Waa'ee baankii dhuunfaa jalqabaa hundeessuu Ani biyya Ameerikaa fi UN keessan hojjechaa ture. Umriinkoo 60 keessa yeroo ta'un gara biyyaatti deebiinaan biyya kana baankii mootummaa malee kan dhuunfaa hin jiru. Bakka baankiin dhuunfaa hin jirreetti qonnaan bulaan Oromoo, daldalaan Oromoo eenyurraa liqeeffata? Mootummaan ammo abbaa barbaaduuf qofa kenna. Kanaaf baankiin dhuunfaa dhaabbachuu qaba jedheen hiriyootakoo waliin Baankii Awaash hundeesse. Baankiin Awaashis yeroosuma baayyee guddate. Maqaan kiyya 'Bulchaa' ta'uu qofa dhagahanii 'baankii Oromoo, baankii Oromoo' jechaa turan. Nuti garuu baankii Awaash jenne malee baankii Oromoo hin jenne. Har'a baankiin Awaash baankilee hunda caalee argamaa jira. Baankii kana hundeessuu koottis baayyeen ofitti boona, ittan gammadas.
oduu-45764276
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45764276
ADWUIn Dr. Abiy Dura Taa'aa gochuun irra deebiin filate
ADWUI'n yaa'ii isaa 11ffaa guyyaa sadaffaa magaalaa Hawwaasaatti gaggeessaa jiruun Dr Abiy Ahimed irra deebiin dura taa'aa paartichaa gochuun filateera.
Aadde Mufiriyaat, Dr Abiy, Obbo Dammaqaa, Dr Debretsiyoon Dr Abiy miseensota mana maree ADWUI sagalee kennan 177 keessaa dura taa'ummaaf sagalee 176 argataniiru. Obbo Dammaqa Mokonnin immoo dura taa'ummaaf sagalee 1 argataniiru. Akkasumas manni marichaa Obbo Dammaqaa Makonnin Dura Taa'aa Itti aanaa gochuun filateera. Obbo Dammaqa Mokonnin itti aanaa dura taa'ummaaf sagalee 149 yemmuu argatan Dr Dabratsion immoo sagalee 15 argataniiru. Haaluma kanaan Dr Abiy Ahimad dura taa'aa , obbo Dammaqa Mokonnin immoo itti aanaa dura taa'aa ta'un filamaniiru. Kana malees manni marichaa komishinii to'annoo ADWUI hundeessee jira. Haaluma kanaan: Yaa'ii 11ffaa ADWUI guyyoota sadiif ture kun magaalaa Hawwaasaatti gaggefamaa jira. 'Falmiin ABUT fi paartiilee sadan gidduutti cimuu mala'
oduu-45340927
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-45340927
Re'een nama miira akkamii qabutti dhiyaatti?
Qorattootni akka jedhanitti Re'een nama fuula ifaa qabutti jalqaba dhiyaatti.
Bakka qorannichi itti gaggeeffame UK Bineeldotni baay'een miira namootaa dubbisuu fi beekuu danda'u kan jedhus qorannoon kun ifoomseera. Gareen qorannnoo kanaa akkanaan mirkaneessan. Jalqaba suuraa nama tokkoo Re'ee tokkotti agarsiisan. Suuraa inni tokko baay'ee aaree kan ka'ee fi suuraa inni lammaffan ammoo fuula gammachuu qabuun suuraa ka'edha. Suuraaleen lamaan garuu kanuma nama tokkooti. Re'een qorannoo irratti gaggeesan kun suuraa isa fuula ifaan ka'eett ariifattee siiqxe, itti dhiyaatte. Qorannichis miiraa fi haala namootni keessa jiran kan dubbisuu danda'an, bineeldota waggaa dheeraaf namoota waliin jiraatan kan akka Saree fi Fardaa qofa mitii jedha. Kanaaf bineeldotni nyaataaf horsiifaman kan akka re'eefaas miiraa fuula namootaa irraa mul'atu dubbisuu danda'u jedha. Qorannoon kun UK, Kent keessatti kan gaggefame yoo tahu, miiltoon qorannoo kanaa Dr Alan McElligot Yuunvarsiitii [Queen Mary ] irraa suuraa lama 1.3M wal irraa fageessanii kaa'uun qorataa turuu himan. Gumaa Ijaa gurguddaa Akka qorannoo kanaatti Re'een osoo nama aarii qabu adda baasuu hin jalqabiin jalqaba nama fuula ifaatti dhiyaachuu fi ilaaluu filatti. Akkasumas funyaan isheetiin yeroo dheeraaf fuulaa fi haala nama fuula ifaa qabuu itti dhiyaachuun qoratti, adda baasti. Kun sirrii kan tahu suuraa nama fuula gammadaa ykn ifaa qabuu karaa mirgashee yoo keessedha. Karaa bitaa keenyaan Re'een kun lamaansaayyuu hin filattu. Sababni kanaa jedhu qorattotni kunniin, tarii Re'een akkuma bineeldota tokko tokkoo sammuushee gara tokkoo qofa odeeffannoo dedebisuu fi qorachuuf kan gargaaramtu tahuu danda'a. Sammuunshee inni gara bitaa miirota gaarii fi gammachiisoo tahan irratti xiyyeefachuuf, inni gara mirgaa immoo nama miira fi fuula aarii qabu ofirraa ittisuuf kan oolu tahuu danda'a jedhan. Dr Mc Elligot qorannoon kun haala akkamiin bineeldotatti akka dhiyaachuu dandeenyu irratti bu'aa guddaa qaba . Sababni isaas bineeldotni miira namootaa hubachuu waan danda'aniif jedheera. Miilton qorannichaa gara biraan Nataliyaa Albukuweerkuu Yuunivarsiitii Sao Polo Braazil irraa kanaan dura miira namootaa hubachuu akka danda'an dandeettii guddaan Saree fi Farda irratti mul'ataa ture. kan re'ootaa beekamuu baatus qorannoon kun haala akkamiin bineeldotatti dhiyaachuu akka qabnu irratti karaa kan nuuf saaqedha jedhe.
oduu-47154138
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-47154138
Falmiin waa'ee abbummaa Xaafii maalirra jira?
Guyyaa kaleessaa [Roobii] Ameerikaatti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun dhiyeenya kan muudaman Obbo Fitsum Araggaa manni murtii araaraa idil-addunyaa Heeg, Neezarlaandis jiru mirga abbummaa Xaafii nama lammii biyya alaan qabamee ture haqeera jechuun fuula tiwiitarii isaanii irratti ergaa baga gammaddanii dabarsanii turan.
Ragaa murtee mana murtichaa agarsiisu maxxansa isaaniitti daranii kan mul'isan Obbo Fitsum, murtichi Itoophiyaaf injifannoo guddaadha jechuunis barreessaniiru. Xumura maxxansa Twitter, 1 Haa ta'u malee dhimmi kun Itoophiyaa waliin gonkumaa kan wal hin qabanne ta'uufi dhaabbilee biyya alaa lama jidduutti falmii adeemaa ture akka ta'e mana murtii araaraa Afrikaatti gorsitu seeraa kan taate Aadde Liyyuu Taammiruu BBC'tti himteetti. Dhaabbileen kun lamaan faayidaa isaaniif jecha mana murtii wal dhaabani jetti aadde Liyyuun. Manni murtii araaraa Idil-addunyaa Heeg jirus dhimma abbummaa Xaafii Itoophiyaan wal-qabatu quba hin qabu jechuun BBC'f deebii kenneera. Neezarlaandis keessatti daakuu Xaafii qopheessuuf mirga abbummaa kan qabu dhaabbanni 'Ancient Grains' jedhamu, hayyama koo malee daakuu Xaafii omishaa jira jechuun dhaabbata biraa Beekals jedhamu himate. Dhaabbanni Beekals jedhamu ammoo kalaqa addaa itti dabale hin qabu waan ta'eef abbuummaan Xaafii irratti 'Ancient Grains' qabu durumaa sirrii miti haqamuu qaba jechuun falme. Wal falmii kanarratti hundaa'uunis manni murtii araaraa Heeg mirga abbummaa 'Ancient Grains' qabu haqeera. Kana jechuun wayita ammaa kana biyya Nezarlaandis keessatti dhaabbannis ta'e namni dhuunfaa Xaafii irratti mirga abbummaa qabu hin jiru jechuudha. Imbasiin Neezarlaandis Itoophiyaa jirus waan kana mirkaneessee jira. Murteen mana murtii Araaraa idil-addunyaa Heeg kallattiin Itoophiyaa waliin wal-qabachuu baatus, tarkaanfii itti aanu Itoophiyaan fudhattuuf karra kan banu ta'uu danda'a jetti Aadde Liyyuun. Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Biraanuu Tsaggaayee fuula tiwiitarii isaanii irratti murtichi Itoophiyaan kan wal-qabatu miti jechuun barreessaniiru. Itoophiyaan mirga abbummaa ishee deebifachuuf himata banuuf qophii xumuraa jirtis jedhan Obbo Birhaanuun. Mirgi Abbummaa Xaafii Neezarlaandis keessatti qaama biraa harka ture haa haqamu malee, biyyoota Awurooppaa kaan keessatti ammallee maqaa nama biraan galmaa'ee akka jiru ragaaleen ni mul'isu. Biyyoota kanneen keessatti eenyu abbummaa Xaafii akka harkaa qabu ifatti wanti barame hin jiru. Haa ta'u malee dhaabbanni waa'ee Xaafii irratti Itoophiyaan waliigaltee waliin qabdu 'Health and Performance Food International' jedhamutu maqaa dhahama. Dhaabbanni kun ammoo wayita ammaa diigamee jira. Namni hogganaa dhaabbata kanaa tureefi abbummaan Xaafii biyyoota kanneen keessatti maqaa isaatiin galmaa'ee jira jedhamu Jaans Ruuzjan ammatti direektara olaanaa dhaabbata biraa ta'ee hojjetaa jira. BBC'n nama kana dubbisuuf yaalee itti hin milkoofne.
oduu-49219503
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-49219503
'Jiraachuu keetu murteessaadha'
''Namni si jaalatu jira, galgala kana akka mana dhuftu namni barbaadu jira.''
Qonnaan bulaan Ameerikaa Joon Goovin barana dhaamsa abdii namatti horu ooyiruu qonnaasaarratti haala ergaa dabarsuu isa dandeessisuun tooraan facaasee ergaa isaa dhaammateera. Goviin dizaayinii ooyiruu qonna boqqolloo isaa keessatti tooraan facaasuun dhimma of ajjeesuurratti hubannoo uumuuf yaaleera. Suura isaas feesbuuk irratti gadhiisuun jireenya namoota hedduu tuqeera. UK'n of ajjeessuu ittisuuf ministira muudde Barbaannaan biyyi du'uuf seerri heeyyama kennu jiraachu beektuu? Dhaamsi isaas'' jiraachuu keetu murteessa, waa'ee of ajjeesuu haasa'i'' jedha wayita dubbifamu. Barreeffamasaarratti lakkoofsa bilbilaa of ajjeesuu hambisuurratti gorsi itti kennamus barreesseera. Maanguddoon ganna 55 kun BBC ttti akka himanitti , yaadni kun kan dhufeef ''miseensi maatii kootii tokko jalqaba bara kanaa ji'a Amajjiitti ofajjeesuun booda ture'' jedhan. Sirna awwaalchaa miseensa maatii isaanii kanarratti ta'uus dubbatu. ''Wixinee daandii ooyruu boqqolloo keessa deemanin ergaa hiika qabdu maatiif ittin dabarsiina'' jedhan. Waggaa darbe haadha koo dhibeen waa nama dagachiisuu (Alzheimer) qabeef midhaan tooraan facaaseen ergaa dabarseefiin ture. Toora Feesbuukiirratti ''of ajjeesuun wantoota nu mudataniifi waayee isaa baruun nurra jirudha'' jedhan. ''Jijjirama jireenya namarratti fiduu dandeenya jedheen abdadha, gatii qabachuusaani akka hubatan deeggara jennee abdanaa!'' jedhan. Goovin lafa heektara 10 irratti dizaayiniin ergaa kana akka qabaaatu ta'e hojjetame kun Kaampanii Utahaa keessatti argamu MAiZE jedhamuun hojjatame jedhan. ''Namoonni 4 suura Diroonii fayyadamuudhaan sa'aatii afurii amma shaniii gidduutti suura kana kaasanii. Hiriyyaan koo buufata xiyyaara bira jiraatu fi xiyyaara balalisisuu suura muraasa kaafatera '' jedhan. Goovin yaada namni kennuufitti gammaduus dubbate. ''Ani qonnaan bulaadhuma handhuura Ameerikaa jiraatu garuu, dhaamsa kanaan jiruu nama hedduu qaqqabuutti nan gammadaa jedhu. ''Suuraan tokkittiin dhiibba ammasii uumti jedhee yaades hin beeku '' jedhan. Toora Feesbuukirratti namoonni hedduun waliiif qoodanii kalaqa ergaasaatiif dinqisiifachaa, ofballeessuun jireenyasaanii akkatti miidhe ibsuu jedhe. '' Obboleessi kee of ajjeesuun wantoota jireenya keessatti si qunnaman keessaa isa jabaadha, nama jaalattu dhabuun ammoo gadda laphee namaa cabsuudha. Toora hojjettee ergaa dabarsite kanaaf atillee galatoomi'' jedhe namni tokko feesbukiirratti yaada kenneef. ''Namni biraanimmoo'' kuni baayee na jeeqa! Maatiin koo yeroo baay'ee rakkoo kanaaf saaxilamaniiru. dhaamsa cimaadha dhuguma jireenya keetu murteessa, galatoomii !'' jedheen.
oduu-50342804
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50342804
Tiraamp maallaqa gargaarsaa qisaaseesseef $2m akka kaffalu ajajame
Haati Seera Niiw Yoork Pirezdaant Donaaldi Tiraamp dhabaa gargarsaa isaa irra maallaqa duulaa filannoo isaaf bara 2016tti waan fayyadameef doolaara miiliyoona 2 akka kaffaluuf ajaja baasaniiru.
Dhaabni 'Donald J Trump Foundation' bara 2018, yeroo abbootiin alangaa dhaabichi Tiraampiif 'dhaaba gargaarsa olitti' fayyaadaa jira himanna jedhu dhiyeessanitti cufame. Akka haadhi seera kun jettutti, dhaabota gargaarsa akka isa Tiraampi ijjoollen isaa sadii hogganaan siyaasa keessatti hirmaachuu hin danda'u. Maallaqi kun Tiraamp ofiisaatiin kaffalamuu qaba jetteetti. "Utuu dhaabni kun yoona jiraate maallaqa achi galu ture, doolaara $2,000,000 Obbo Tiraamp akka kaffalaniif ajajeera," jechuun Haadhi Seera Saliyaan Iskarpullaa barreesiteetti. Maallaqi kun dhaabbilee gargaarsaa saddet Tiraamp waliin hidhata hin qabneef keennamuu qaba jetteetti. Kaffaaltiin kun himannaa abboooti alangaan furmaata dhumaadha. Tiraampifi abukaatoonni isaa himannaan kun kan siyaasaan oofameefi "raatonni dimookraataa Niiw yoork anuma himachuuf yaalii isaan godhanidha" jechuun mormaniiru.
oduu-53303159
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-53303159
Siyaasa Itoophiyaa: 'Ertiraan akka ammaa kanatti dhimma Itoophiyaa keessa galuu waan hin dandeenyeef lola jalqabde'
Naannoon Tigraay kaleessaafi harra maal keessa jira? Aangawaan duraanii waa'ee daangaa Itiyoo-Eertiraa maal jedha? Kanaafi haala sisyaasa Itoophiyaa ammaa ilaalchisee BBCn Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa duraanii kan turan Ambaasaaddar Siyyum Masfin waliin turtii taasiseera.
BBC:Waliigaltee Itiyoo-Ertiraa ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa lafa na jalaa weerarame jettee erga deebiisiisteen booda maaliif gara jaarsummaa idil-adduunyaa hin deemiin? Isaan boodas maaliif murtee komishinii daangaa hin fudhatiin haftan? Ambaasaaddar Siyyum: Asirratti dhimma dhugaa ta'an qofaan kaasa. Tibba sanatti qorannoo Yaa'iin Gamtaa Afriikaa taasiseen, mootummaan Ertiraa weerara gaggeessuuf murteessitee. Ertiraan loltootshee baastee dhimma keessan jaarsummaan hiikadhaa jedhamee turan. Komishinii beenyaa waliin hundeessineenis lafa mootummaan Ertiraa qabateef beenyaa akka kaffaluuf kaa'ee ture. Tibba sanatti ajajaa waraana Eritiraa osoo hin hafne mootummaan Eritiraa weerara raawwachusaa dhugaa bahaa turan. Erga lafa waraanaan deebiifannee booda dhimmi hafe jaarsummaan hin hiikamiin hin jedhamu. Kan wal nu dhabsiisees dhimma daangaa hin turre. Akkuma amma gochaa jiru Isaayaas dhimmi Itoophiyaa keessa galuu waan hin dandeenyeef humnaan dhiibbaa taasisee fedhiisaa guuttachuuf waan barbaadeef ture. Kanaanis dogongora cimaa raawwate. BBC: Amma kun hundi darbee MM Abiy Ahimad rakkoolee turan hiikuun nagana bu'eera. Ta'us ammoo ammas daangaan biyyoota lamaanii adda hinbaane. Kunis kan hin taaneef sababii aanga'oonni TPLF guufuu ta'aniif jechuun isin himatu Obbo Isaayaas. Kun maaliif ta'ee? Ambaasaaddar Siyyum: Pirezidaant Isaayaas Afawarqiin dhimmi daangaa amma dhimma yeroo keenyaa miti. Dura ilaalcha TPLF qulleessuudha jechuun ummataafi loltootatti dubbataniiru. Osoo TPLF hin badiin nagaan waan hi njirreef dura isaan balleessina jechaa jira. Abiy garuu waamicha nagaa Geetachoo Asaffaa kan duraan waajira nageenyaa ogganaa tureefi Ministira Hajaa Alaa kan ture Dr Tewediros Adaanoom fi Janaraal Saamoraa Yanuus, MM yeroo sanaa kan turan Obboo Hayilamaariyaam Dassaalanyiif dhiyeessan fudhte raawwachisee malee omaa itti hin daballee. TPLF amma haa xumuramu jennaanis lakkii hin jennee. Murtee Isaayaas nuuf murtaa'eera jedhanuunis haa deemamu jedhamnaanis rakkoo hin qabaatu. Kan fudhatamu lafa Tigraayiifi kan Affaar qofaa miti. Dhimmichi wayita raawwatamuuttis lafa Itoophiyyaa ta'es ni deebisa. BBC: Kun akka ta'uuf jalqaba looltoonni Itoophiyaa Eritraa keessaa bahuu hin qabaatanii? Ambaasaaddar Siyyum: Dursa daangaa biyyoota lamaanii raggaasiisuuf komishiniin hundeeffamuu qabaata. Pirezidaantiin Ertiraa garuu kana waan hin barbaadneef haa turu jedheera. BBC: Dhimmi daangaa Itiyoo-Ertiraatiin wal qabatee ka'u kan biraa, mootummaan Tigraay bakkeewwan waldhabiinsaa ta'an kan akka Baadimmeerratti gamoowwan ijaaraa jira jedhama. Kun dhugaadhaa? Ambaasaaddar Siyyum: Shaabiyaanis lafa Itoophiyaaf murtaa'eerratti ijaaraa jira. Yoo callise. Fakkeenyaaf Tsoranaa KM tokkicha bahee lafa Itoophiyaaf murtaa'eerratti magaalaa babalisaa jira. BBC: Gama siyaasa Itoophiyaatti yoo deebiinu ammoo MM Abiy Ahmad nama walbummaa biyyaa balaa keessa galcheedha jechuun himattu. Kanaaf raga maal qabdu? Ambaasaaddar Siyyum: Fakkeenyi MM Abiy Pirezidaant Isaayaas Afawarqeeti. IGAD diigi jennaan diigee amma kan jiruu isa dhugaa miti. Sirna federaalizimii TPLF hirdofee diignee Itoophiyaa haaraa ijaarra, walta'insa Ertiraafi Somaaliyaan keessa jiran ijaarraa IGAD diigi waan jedheeniif diigeera. IGAD kan diigameef fedhii Isaayaas guutuuf jecha. Isaayaas filannoo heera mootummaa malee waggoota 28f kan biyya bulcheedha. Dhimmi lammaffaan ADWUI hojjatee ture kan biraa ammoo, dhimmi Abbayyaa ilaalchisee waggoota 15'f Masriin alatti adeemsa biyyoota yaa'aa Laga Abbayya kurnan gara waltajjii tokkootti fiduun danda'amee irra gahamee ture. Sudaan ejjannoo ibsuuf rakkataa turtuyyuu waligalteen bu'aa qabeessa ta'ee taasifamee ture. Biyyoonni miseensaa kunneenis ejjannoo osoo Itoophiyaaan nu hooggantee jedhu qabu turan. Kan biraa hafee hoggeessonni Itoophiyaa walgahiiwwan biyyoota yaa'aa 'White' irratti illeen hirmaachuu eegalanii turan. Abiy garuu marii Sudaaniifi Masrii waliin eegalamee ture dhiisuun, Masrii qofaa fudhatee gara Ameerikaa deemee. Warra Sudaaniitti gara Ameerikaa deemaa jiraachuleen itti hin himne ture. Isaanis Waashingitan irraa waamicha taasifameen kan deeman. Duraan Abiy Hidhi Guddichi kan eegalame bu'aa siyaasaatiif jedhee ture. Amma garuu lammiilee akka gaaftan erga hubateen booda waa'ee isaa kaasuu kan eegale. Kan biraa hafee namoota mariirratti akka hirmaataniif innumti erge dabalatee 'adeemsii kee sirrii miti ammas deebi'ii. Gara waliigaltee Wucaalee lammaffaatti nu deebisaa jirta',' jechuun barreeffamaan akeekkachiisaniiru. Kun biyya ganuu miti? Boru seenaan gaafatamuunsaa hin oolu. BBC: MM Abiy amma baatii Adooleessaa keessa hidhiicha bishaan guutuu akka jalqabaniifi kana gochuurras qaamni dhorku kan hin jirree ta'uu himaniiru. Kun kutannoo isaanii hin mullisuu? Ambaasaaddar Siyyum: Deegartoonni kan akka IMF fi Baankii Addunyaa maal akka jedhan haa ilaallu. MM deegarsi dhaabbilee kanneen irraa argamu akka deegarsa haadhaarraa argatanii ta'uu paarlaamaa irratti dhiyeessanii ture. Dhaabbileen kunneen ammoo hidhicha bishaan guutuun dura Sudaaniifi Masrii waliin waliif galuu qabda. Ta'uu baannaan maallaqa kennuuf jirru hin kenniinu jedhaniiru. Kan biraa ammoo Pirezidaantiin Masriifi Pirezidaantiin Ameerikaa 'Hidha Laga Abbayyaa yoo naa dhaabsiifte ani Giddu-gala Bahaa Afriikaa keessaatti kan barbaadduun siif raawwadha' jechuun waliitti hidhata godhachuun socho'aa jiru. MM Abiya ammoo gama tokkoon waadaa biyyota kanneeniif seeneen gama biraatiin ammoo ummata Itoophiyaatiin dhibbaa jala jira. Ani gama kiyyaan Abiy nan shakka. Innis warra Masriitiin waggaatti bishaa kubiik meetira biiliyoona 37 isiniifan gadhiisa jechuun waliigaleera. Pirezidaantiin Masriis kanatti kan dabalee lakkoofsa muraasa qofaadha. Ammas bishaan guutuu barana eegala jechuusaa eenyutuu amana? Abiy dhimmi dursa kenneef masaraa haaromsuudha. Haalli walabummaa biyyattii kan bara moototaafi kan bara Mangistuu Haayilamaariyaam caalaa amma sadarkaa gaaffii keessa galee jiru keessatti argamna. BBC: Wal dhabdeen mootummaa Feederaalaa fi Naannoo Tigraay jidduu baayyee yaaddeessaa jira. Haala kana attamiin ilaaltu? Furmaanni isaas maal ta'uu qaba jettu? Ambaasaddar y MM Abiy Fulbaana 25 booda bu'uura seeraa aangoorra isa tursiisu tokkoolleen hin qabu. Ejjannoon kun kan TPLF qofaa osoo hin taane kan dhaabbilee siyaasa birootis. Ammas osoo hin galgaloofne waltajjii paartilee siyaasaa qopheessuun marii gaggeessuu qabaata. Dhaabbileen siyaasaa kunneenis aangoo kan irraa fudhatan osoo hin taanee, mootummaa teknookiraatii oggeessoota hammatu hundeessuun ni danda'ama. Gareen kunis hanga filannoon dhufaatti nageenya biyyattii mirkanneessuun akka filannoof qopheessaniif hundeessuun fala gaarii ta'a. Lammaffaan ammoo ummanni Tigraay filannoon gaggeeffadha wayita jedhu Abiy tole jedhee gammachusaa ibsachuutu irra ture. Labsii waraanaa labsuun irra hin turre. Itti yaaduu qabaata. Haalli garamiitti akka deeman kan walumaan ilaallu ta'a. BBC: Waggottan 27 darban haalawwan sarbama mirgoota namoomaafi malaammaltummaadhaan baayyeen qeeqamaa jiru. Kan ammaaa waliin wal bira qabdanii nutti himtuu? Ambaasaddar Siyyum: Itoophiyaan waggoota 27 darban maal keessa turte isa jedhuuf ummata buqqa'ee ilaaluun haa eegallu. Waggoota lamaan darban keess kan buqa'eefi kan du'e ni baayyata. Waggoota lamaan darban namoota miliyoona sadiitu qe'eerraa buqa'uun ammalleen buufata keessa jiraataa jira. Gama sarba mirga namoomaatiin, gabaasawwan dhaabbileen Humaan Raayitis Woochiifi Amanastii Intarnaashinaal baasan ilaaluun ni danda'ama. Haata'u malee, maqa balleessaa hedduun nurratti raawwatamaniiru. Keessattuu, tarkaanfiin akkasii kunis kan duguggaa sanyii ummata Tigraay irratti akeeke ta'uun ifa. Garuu ummatichi tokkommaa isaa waan eeggateef mo'achaa jira.