Soressaa commited on
Commit
698035f
1 Parent(s): 2fa2ea9

Create text1

Browse files
Files changed (1) hide show
  1. text1 +11 -0
text1 ADDED
@@ -0,0 +1,11 @@
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
1
+ Qaala’iinsa gabaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe hundeerraa furuun maaliif dadhabame-Hawaasa
2
+ Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Hawaasni naannoo Oromiyaa Godinaalee garaagaraa keessa jiraatan waa’ee qaala’iinsa gabaa tasgabbii dhabe ilaalchisuun Komii isaanii ibsaniiru.
3
+ Faanaa Broodkaasting Korpooreet komii jiraattotaa bu’uura taasifachuun,akka naannoo Oromiyaatti hordoffiin taasifamaa jiru maaliif laafe jechuun Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashoo gaafatee jira.
4
+ Gatiin Oomishaalee Alarraa galanii dabaluun tarii sharafa maallaqa biyyoota alaa waliin walqabatee tahuu mala jedhan.
5
+ Oomishni biyya keessaahoo maaliif gatiin isaa tasgabbii dhabeen Gaaffii Hawaasa bal’aa keessaa burqaa jiruudha.Kana deebisuuf Seekteraaleen hundinuu xiyyeeffannoodhaan Hojjechuu gaafata.Qaalayiinsi Gabaa madaala dhabe kun hawaasa mufachiisee jira waan ta'eefi.
6
+ Obbo Tasfaayeen akka jedhanitti baatiiwwan 8 darbanitti Mootummaan Qaraxaafi Taaksii silaa argachuuf qabu Birrii biiliyoona 7 ol dhabuudhaan Zayinni Nyaataa Liitirri biliyoonni 1.1 gara biyyaa akka seenu taasifameeraa jedhaniiru.
7
+ Haa ta’u malee Oomishaalee biiliyoonaan lakkaa’aman kanneen keessaa hawaasa bira hammamtu qaqqabaa jira isa jedhuuf, Zayitiin Liitirri miiliyoonni 10 gara Godinaalee Oromiyaa geejjibsiifamuu Obbo Tasfaayeen himaniiru.
8
+ Hawaasa Bira kan qaqqabe garuu Liitira Miliyoona 1.1 qofa,Egaa Liitirri miiliyoonni 8.9 eessatti miliqe faana dhahuu gaafata.
9
+ Gama biroon Guyyoota 10 gidduutti Sakattoo taasifameen Zayitni nyaataa liitirri Miliyoonni 2.2 naannoo Oromiyaatti dhokfamee ture to'atameera. Akka FBC’n sakatta’etti qaamolee yakkicha raawwatan irratti garuu tarkaanfii barsiisaan fudhatame hin jiru.
10
+ Akka Biyyaatti namoota muraasa qofaatu heeyyama Zayita nyaataa alaa galchuu qaba,Haa ta’u malee namoonni kunneen Man-kuusaa dhoksaa Oromiyaa keessaa qabu,Biiroon daldalaa Oromiyaas isa kana ragaa ba’eera.Hordoffiin gama biiroon tures laafaa akka ta’eefi fuula duraaf dhimmicha irratti biiroon xiyyeeffannoodhaan akka hojjetuudha Obbo Tasfaayeen kan ibsan.
11
+ Dabalataanis oomishaaleen giddu gala biyyattiirraa bitamuun gara godinaalee Oromiyaatti geejjibsiifaman nagahee waan hin qabneef hanga ittiin bitan baruuf kan nama rakkisu ta’uudha Obbo Tasfaayeen kan dubbatan.Kanaaf Hawaasni dhimma kana irratti mootummaa cinaa dhaabbachuun kanneen seeraan ala socho’an saaxiluuf dammaquu akka qabanis waamicha dhiheessaniiru.