text
stringlengths
0
196k
qaamaatiin qofa miti. Maqaasaa fi bilisummaa isaaf kan quuqamuu fi
kan du'u waan ta'eefi dha. Makmaaksi, "maqaan hanga badu buddeenni
haa badu" kan jedhamu sababa malee hin makmaakamne.
Dhalli namaa fedhiin maqaa fi bilisummaa isaa fedhii guddaa hanga
dabarsanii du'aaf of-kennuutti kan isa geessisu dha. Fedhiin maqaa
gaarii horachuu keenya yoo hir'atee fi tilaamni yookiin bakki ofiif
kenninu yoo sigigaate nyaataaf haa hafuutii jiraachuufuu fedhii hin
horannu. Namoonni hedduunis kan of ajjeesanis haa ta'uu namoota
biraa wajjin wal-dhabbii keessa galuun kan du'an fedhii maqaa gaarii
horachuu kana guutuuf jedhaniiti. Akka falaasama ida'amuutti,
fedhiiwwan martinuu akka barbaachisummaa isaaniitti dursi isaaniif
kennama malee haala dhaabbataa ta'een sadarkaa kennuun dogoggora
dha jedhamee amanama.
Fedhii isa tokko fuula dhowwatanii isa biraa keessumeessuun rakkoo
jiraachuu keenya hin hiiku. Duraan dursanii haleellaa biyya irraatti
aggaamamu ittisuus haa ta'uu, hokkara biyya keessatti uumamu
qolachuudhaaf fedhiiwwan al-kallattii guutuudhaan hawaasa cimaa
ijaaruun barbaachisaa dha. Erga hokkorrii fi waraanni uumameen booda
yookiin otoo uumamaa jiruu dhaabsisuu fi dhaamsuuf ijibbaachuurra
duraan dursinee fedhiiwwan gara hokkoraatti nu galchuun jiraachuu
keenya balaaf saaxilan qolachuun barbaachisaa dha.
Fedhiiwwan dhala namaa marti isaanii fedhiiwwan murteessaa haalli
isaanii ilaalamee wal-qixxumaan kessummaa'uu qabani dha. Namootni
nama ta'uu isaaniitiin fedhiiwwan isaan qaban guutuufii otoo qabnuu,
fedhiiwwan bineensota faana qooddannu qofa guutuudhaaf
ijibaachuun bu'uuruma isaa irraa ilaalcha namoota binneensotaan
qixxeessinee ilaaluu irraa kan madde dha. Namoonni uumaawwan
fedhiiwwan bineensotarraa adda ta'e qaban ta'uu isaanii irraa kan ka'e
fedhiiwwan dhala namaa kan ilaallu uumamasaanii wal-xaxaa ta'e kana
waliin wal-bira qabuudhaani.
Fakkeenyaaf, aadaan namni yommuu wanta tokko nuuf godhuuf jedhu
wanta sana otuma feenuu 'hin barbaadu' jechuu keenyaa maal mul'isa?
Mana namaa dhaqnee beelofneetumallee nyaadhaa yommuu jedhamnu
maaliif didna? Otoo fedhanii wanta tokko diduun, bu'aa walitti bu'iinsa
fedhii qaamaa yookiin foonii fi fedhii maqaa yookiin ulfinaa gidduutti
uumamurra argamu dha. Fedhiin qaamaa yookiin foonii otoo fedhii
maqaa dursa ta'ee otuma beelofnuu nyaadhaa jedhamnee otoo hin
nyaatiin dhiisnee hin baanu turre. Kanaafuu, otoo wanta tokko fedhanii
hin fedhu jechuun sadarkaan fedhiin qaamaa fi fedhiin maqaa nama
tokko keessatti qaban duraa duubaan akka hin teenyee fi fedhiiwwan
lamaanuu dhala namaa muddanii akka qaban kan mul'isu dha.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti, gaaffii maqaa fi bilisummaa
qajeeltoon osoo hin deebisin haftee, fedhiin ukkaamfame akka abidda
dibameetti keessa keessasaa qaqqabachaa dhumarratti dhohee
qaanqeen isaa yommuu ishee nyaachuuf jedhu haala ajaa'ibsiisaa
hedduutiin irraa hafteetti. Abiddi kun irra-deddeebi'uun boba'ee
biyyattiin maraammartoo sodaa jiraachuu wal-irraa hin cinne keessa
akka galtu kan ishee taasise daandii fedhiiwwan ukkaamsuuti. Fedhii
kamiifiyyuu daandiin ittiin keessummaa'u otoo diriirfamuu qabuu
fedhicha yoo ukkaamsine akka abidda dibameetti riphee keessa
keessaan qabachaa biyyattii akka nyaatu beekuu qabna. Fedhiin dhala
namaa marti isaa fedhii jiraachuu waan ta'eef fedhiiwwan kanaaf deebii
kennuu dhiisuun jiraachuu dhala namaa yookiin hawaasaa irratti akka
qoosuutti lakkaa'ama.
Dandeetti dhala namaa ilaalchisee, gama tokkoon dhalli namaa jireenya
isaa keessatti bu'aa-bayiin inni keessa darbu akka seera fiiziksiitti gochaa
raawwatamuu fi deebii gochichaaf kennamu yaada jedhu irratti
hundaa'e. Gama biraatiin immoo, dhalli namaa hiree isaa kan
murteeffatu "fedhii bilisaa isaatiin kan murteessu uumama bilisaati
malee seera maashiniitiin garba bulu miti" kan jedhu dha. Dhalli namaa
"fedhii bilisaa hin qabu" namoonni jedhan warra dhala namaa karaa
ilaalchaa xiin-lubbuutiin (biology) ilaalan yookiin warra dhalli namaa
dhiibbaa naannoo isaanii jala galu jedhan dha.
Akka warra yaadni isaanii hireen dhala namaa dandeettii xiin-lubbuu
isaa irratti hirkata jedhaniin, dhalli namaa uumamaan wanta qabatee
dhalateen hoogganama kan jedhu dha. Namoonni uumamaan wanti
ajajameef yookiin wanta ta'uu qaban fudhatanii dhufan sana gonkumaa
jijjiiruu hin danda'an; waanuma fudhatanii dhufan sana qabatanii,
isumaan hoogganamanii jiraatu jedheetu barsiisa. Yaadni kun seenaa
dhala namaa yeroo dheeraa keessatti iddoo bal'aa kan qabatee fi amma
yaadata duubatti hafoo jennee warra waamnu maraaf bu'uura kan
buuse dha.
Garaagarummaa namootaa yookiin gareewwan garaa garaa gidduu jiru
karaa xiin-lubbuutiin hiika itti kennuun, qabsoo namoonni yookiin
gareewwan wal-qixxummaaf taasisan quucarsuuf yaada yookiin ilaalcha
meeshaa guddaa ta'ee tajaajile dha. Fakkeenyaaf, sochii qabsoo
uummatoota gurraachaa kolaasuuf taasifamaa ture keessatti, ka'umsi
hafuura mankaraarsitummaa warra adii inni cimaan warri adii
uumamaan warra gurraacha akka caalanitti yaaduu isaaniiti.
Hayyuuwwan yaada saayinsaawaa ta'uu dhiisuun isaa mirkanaa'e kana
seenessuun garaagarummaa xiin-lubbuu kanaa barreeffamoota
barumsaawoo (academic articles) keessatti illee afarsan hanga ammaatti
ni jiru. Haaluma wal-fakkaatuun, qormaanni cimaan qabsoo mirga
dubartootaa dura jirus, dubartoonni uumamumaan dhiiraa gadidha
yaada jedhuu fi garaagarummaa dubartootaa fi dhiirota gidduu jiru
uumamatti kan sababeessu dha.
Yeroo ammaa kana ilaalchi hiree dhala namaa uumamaaf kennu kunii fi
dhalli namaa carraaqii mataa isaatiin hiree isaa akka hin murteeffane
taasisu mo'amaa dhufeera. Yaadni biraan ilaalcha "dhalli namaa fedhii
bilisaa hin qabu" jedhu immoo eenyummaanii fi hireen namootaa
wantoota isaan naannoo isaanii waliin "adeemsa gochaa fi deebii gocha
sanaaf kennamu keessatti uumamuun malee yaadaa fi fedhi dhala
namaan kan uumamu miti" kan jedhu dha. Yaadi kun ilaalcha
"namoonni garboota naannoowwan isaaniiti" jedhu qaba. Kana
jechuunis, amala nama tokkoo kan murteessu dhiibbaa naannoon sun
irratti uumu malee filannoo mataa isaa miti jedhu.
Gama biraatiin, yeroo dhiyootii asitti, yaadni "dhalli namaa hiree isaa
ofuma isaatii kan ofiif murteeffatu yookiin ijaarratu dha" jedhu ol
aantummaa argachaa dhufeera. Haalli qabatamaa hawaasummaa dhalli