text
stringlengths
0
196k
Hamma isaaniirratti hundaa’uun holqa gurraacha (black hole) bakka afuritti qoodne ilaaluu dandeenya. 1. Holqa gurraacha isa xiqqaa:- Gosti holqa gurraacha kun kan ibsame kosmoloojistii beekama “Isteefan Haawkingiin” bara 1971 tti ture innis qabeen isaanii hamma atoomii tokkoo ta’u kan danda’uufi hangi isaanii hamma ija namaa gahuu akka danda’udha.
2. Holqa gurraacha urjiilee:- Gosti holqa gurraacha kanaa urjiilee guddinaan aduu caalan irraa kan uumamudha. Isaanis yeroo du’an kan gara suupparnoovaatti jijjiramuun urjiileen isarraa hafan immoo gara holqa gurraachaatti jijjiiramu.
3. Holqa gurraacha isa giddu galeessaa:- Saayintiistoonni waa’ee hawaa qo’atan gosti holqa gurraacha kanaa jiraachuu hin qabu jedhanii wal falmaa turan. Haa ta’u malee qorranoowwan yeroo dhiyoon holqi gurraachi kun jiraachuun isaa beekameera. Kunis hangi isaa hanga (mass) kan aduu dhibba tokko hanga miliyoonaa ta’u danda’a.
4. Holqa gurraacha isa guddaa:- Holqi gurraachi kun immoo kan isaan uumaman yeroo uumama gaalaaksiiwwanii yoo ta’u hangi isaanii hanga (mass) aduu dachaa miliyoona tokko hanga biliyonootaa ta’u danda’a. Fakkeenyaaf holqa gurraacha gaalaksii keenya (milk way) keessatti argamu kan saajitaaras A (sagittarius A) kan jedhamu hanga aduu miliiyoona afur ta’e qaba.
Amaloota holqa gurraachaa beekamaa kan baay’ee nama dhibu waa’ee yerooti. Akka tiyooriin “General Reletivity” jedhu ibsutti sochiin suudoowwanii saffisa ifti ittiin deemun dhibbaan irra gahu akka danda’u ibsa. Akkuma armaan oliitti ibsuuf yaalametti akkuma fageenyi wantootaa qaama kanatti dhiyaacha adeemuun sochiin isaa suuta jedha. Garuu yoo holqa kana keessa seene gara ispaageetiitti jijjiiramuun event horizon kutaa “black hole” kan ta’e erga ga’ee gara suudoowwanii (particles) jijjiiramuun saffisa ifti ittiin socha’utti kan dhiyaatuun socha’u akka danda’u himama.
Fakkeenyaaf qaamni tokko yoo holqa kana keessa seene wanta qaama sanaan ala jiru dursee waan socha’uuf wanta gara fulduraatti ta’uuf jiru dursee arguu danda’a jedhamee yaadama. Qaama kana keessatti yaadni “time travel” jedhu ni hojjataa? Kan jedhu gaaffii kaasuun isaa hin oolu, deebii isaas isiniifan dhiisa. waan holqa gurraacha adda taasisu keessaa inni tokko qaamni kun humna harkisa giraaviitii guddaa ta’e waan qabaniif wantoota ofitti harkisuun erga wantooni kun keessa seenuun “event horizon” yoo ga’an gara alaatti bahuu hindanda’an. Amma yeroo kanaatti saayintiistoonni waa’ee keessa holqa kanaa hin beekin haafaniyyuu malee beekumsa herregaafi fiziiksii isaanitti fayyadamuun wanta keessa qaama kanaatti ta’u raaguu danda’aniiru. Akka yaada isaaniittis kutaan holqa kanaa (handhuura ) isaa irratti iddoo “singularity” jedhamutti wantoonni hundi qeenxee akka ta’aniifi yeroon yeroo itti dhaabatudha. Akkasumas bakka kanatti seerri nuti fiziksii keessatti beeknu yeroo itti hindalagneedha.
urjiileen tokko tokko qophaa isaanii uumamuu, haa ta’u malee akka yaada astironoomarootaatti urjiileen baay’ee gareedhaan kan uumamanidha. Walitti qabamiinsi urjiilee yeroo walfakkaataa ta’e keessatti uumamaniifi umrii walfakkaata qaban kunis “star cluster” jedhamu. Urjiileen kunis humna giraavitiidhaan kan walharkisanidha.
Tuutni urjiilee (star cluster) bu’uura ta’an lama yemmuu jiraaatan isaanis: Tuuta urjiilee banaa (open cluster) fi Tuuta urjiilee gilobulaaraa (globular cluster) dha.
Urjiileen tuuta urjiilee giloobulaaraa keesssaatti argaman kan walitti dhiyaatanii argamaniifi umurii dheeraa kan qaban ta’anii, urjiilee hedduu kan qabani dha.
Tuutni urjiilee banaan (Open cluster) urjiilee isaanii ija qullaanis ta’e teleskooppii fayyadamuun ilaaluu kan dandenyu ta’e urjiilee boca sirnaawaa hin taane kan qabaniifi tuuta kana tuuta urjiilee giloobulaaraa wajjin wal bira qabnee yemmuu ilaaluu urjiilee muraasaafi urjiileen kunniinis umrii xiqqaa kan qabani dha.
Egzoopilaaneetiin pilaaneetota sirna soolaarii alatti argaman Ta’aanii akkuma pilaaneetonni sirna soolaarii keessatti aduu irra siiqqee isaaniitiin marsani. Isaanis urjii isaanii irra marsu. Garuu egzoopilaaneetonni ta’anii fakkeenyaaf “rogue planet” jedhamuun kan waamaman haadhuura gaalaaksii kan naannaa’aniifi urjii kamiiniyyuu kan hinhidhamne yookiin walhinqabannedha. Egzoopilaaneetota kana hangaafi diyaameetirii isaa safaruuf gaasawaa fi kattawaa ta’u isaanii ilaaluu ni dandeenya. Kanamalees saayinsistonni egzoopilaaneetota kana argachuuf karaalee shan fayyadamu. Isaan keessaas maloonni “transit”fi “radial velocity” warreen beekamoo ta’anidha.Yeroo pilaanettoonni kun nama urjicha ilaalaa jirufi urjii irra marsaa jiran giddu darban yeroo muraasaaf ifa urjii kanaa dimimmisa godhu. Kunis mala jiraachuu egzoopilaaneetii itti beeknu dha. Inni lammaffaan immoo pilaaneetoonni urjii marsuun urjichi hawaa keessatti akka “wobble” ta’u godhu. Yeroo kana yeroo astiroonomerroonni urjii kana ilaalan halluun ifa isaa akka jijjiiramu godhu. urjileen humna harkisa (giravitional) pilaaneetii isa marsuun midhamu. Kunis yeroo teleskoppiidhaan ilaalaman ispektaramii ifaa urjii sanaa miidha.malli kun immo raadiyaal veeloositii jedhama. Haala moggaasa maqaasaanii yemmuu ilaallu immoo jalqaba maqaa urjii irra marsanii fudhachuun fageenya urjichaarra qaban irratti hundaa’uun qubee b irraa kaasee kan kennamufidha.egzoopilaaneetiin jalqaba argamee pirooksimaa seentaawurii b ilaaluu dandeenya. Pilaaneetiin kun urjii pirooksimaa seentaawurii kan marsudha.
Falaasamni qo’annaa waa’ee rakkoowwan gama hundaan dhala namaa muudatan kan waa’ee dhugaa, jiraachuu wantootaa, sababa,gatii wanta tokkoof kennamu, beekumsa, sammuufi afaan irrattii kan hundaa’uufi sababaaf bu’aa isaa haala ifa ta’een kan ibsudha. Jechi falaasama jedhu jecha afaan ingiliiziin “philosophy” yoo jedhamu innis jecha giriikii “philosiphia” jedhu irraa kan dhufeefi jaalala ogummaa kan jedhutti hiikama. Falaasamni wantoota armaan oliitti eeramaniin haa hiikkamu malee yaada nama dhunfaa irratti yookaan haawaasa darbees akka addunyaatti yaada wanta tokkoof kennamudha. “falaasamni kennaadha.” kunis yaada nama dhuunfaafi abshaalummaa, dandeettii waa ibsuuti. Jalqabiin saayinsii yaada waa’ee saayinsiif qabnudha. Wanta tokko sababaafi bu’aa irratti hundaa’un waa’ee waan sanaa maaltu ta’u akka danda’u dursanii raagudha. Garuu falaasamni ragaa murtaa’aa ta’e qabaachuus dhabuus danda’a. falaasama iddoo tokkootti qabnee ibsuun waan nama rakkisuuf dameewwan adda addaatti qoodamuun qo’atama.
Meettaafiiziksiin damee falaasamaa ta’e, kan waa’ee hiikkaafi seerota uumamaa keessaa yeroofi hawaa kan ibsudha. Karaa salphaan waa’ee uumamaa “existence of nature” yookiin waa’ee dhugaa (reality)fi dhugummaa isa dhumaa kan qo’atudha. Meettaafiiziksii jechi jedhu jecha Giriikirraa kan dhufe yoo ta’u inniis fiiziksii ol, fiiziksii gadi, fiiziksii dura yookiin fiiziksii booda jechuudha. Dameen falaasamaa kun damee barnoota hundaaf bu’uuradha. Yeroo duraa dameen saayinsii kun baay’ees beekamaa kan hin taanedha. Sababni isaas namoonni waa’ee isaa hinbeekan turan. Ta’us garuu amma waa’ee dhugaa (reality) uumamaan jiru namni baay’een baruu waan barbaaduuf dameewwan saayinsii kan biraa keessattillee akka dabalataatti kennama.
Namni waa’ee meettaafiiziksii qo’atu tokko gaaffiwwan hedduu kan inni ofgaafatu keessaa :-ani eenyu? eessaan dhufe? eessan deema? hawaan maali? hawaan eessatti argama eessattis daanga’a? hawaa waliin maaltu walitti nafide? kan jedhu kan of gaafatuufi deebii isaas ofiiniis ta’e saayinsiin deebiii kan kennuufi dhabuus kan danda’udha.
Seerota uumamaa addunyaa kana irra jiran kan duraan beeknuufi kan kana booda barru meettaafiiziksii irratti hundaa’a. Akkasumas waa’ee ta’iinsa (probability) kan ibsudha. Wanti hunduu carraa ta’uu yookiin ta’uu hafuu kan nu huubachiisudha. Yeroo waa’ee meettaafiiziksii haasofnu ilaalcha lamatu jira. Isaanis:-ilaalcha amantiifi ilaalcha saayinsiiti. Ati garuu kan barbaadde filatee fudhachuu dandeessa, Kunillee carraa ta’umsa waan tokkooti.
Meettaafiiziksiin dameewwan hedduu qaba. Isaanis:- Koosmooloojii : qo’annaa waa’ee jalqabbii, bu’uura, caasaa, jijjiiramaafi uumama waa’ee hawaa qo’atudha. Oontoloojii:- qo’annaa waa’ee uumama, qoqqoodamaafi hiikkaa wantoota uumamaa kennudha.
Falaasama Sammuu (mind philosophy)
Falaasammi Sammuu damee falaasamaa waa’ee uumamaafi rakkoowwan sammuu dhala namaa wajjiin, xiin-sammuu (psychology) kan wal qabatan dhuunfaan, hawaasumaan dhalli namaa tokko kaka’umsa, barmaatilee adda addaa, abshaalummaa sammuu dhala namaa kan qo’atudha.
Falaasama Saayinsii (science of philosophy)
Dameen falaasamaa kun immoo saayinsii waa’ee saayinsii (science of science) jedhamee kan beekamu yemmuu ta’u yaadolee waa’ee saayinsii jiran tiyoorii barreeffamaan deeggarameefi yaalii saayinsicha ibsuufi ragaa gahaa kan qabu ta’u isaa kan ibsudha. Anis falaasamni ragaa qabaachuus dhabuus danda’a kaniin jedhe kanaafi.
Loojikiin saayinsii waa’ee wanta yaadnuu tokko sababa sirrii ta’e dhiyeessuu danda’udha. Kunis yeroo ammaa herregaafi saayinsii koompitaraa (computer science) keessatti seerota bal’inaan itti fayyadamnudha.
Ippistimooloojiin damee falaasamaa waa’ee dhugumaafi beekumsaa wajjin hidhata guddaa kan qabudha. Yeroo baay’ee hiikni isaas yeroo kennamu beekumsa jedhameeti.
Uumama Alagaa (aliens)
Gaaffiwwan amma har’aatti dhala namaatiin deebiin hin argamneef keessaa inni tokko gaaffii nuti qofaa keenya jirraa yookiin hawaa keenya keessa uumamni lubbuu qabu lafa irra qofa jiraataa kan jedhu yemmuu ta’u, amma yeroo ammaatti sammuu dhala namaa keessatti akka gaaffii uumetti argama. Jechi uumama alagaa (aliens) jedhu yemmuu hiikkaa saayintistoonni kennaniif ilaalu uumama iddoon ka’umsi isaa lafa nuti irra jiraanuun ala ta’e akkasumas namni lammummaa biyya tokkoo osoo hin argatiin biyyicha keessa jiraatus uumama alagaa (aliens) jedhama. Gaaffii armaan olii kana beekuuf fedhii saayintiistoonni qaban hagana kan jedhamu miti. Yeroo adda addaatis ergaawwan raadiyoo (radio message) dhaan kan ergan haa ta’uyyuu malee deebiin amma yoonaatti argame hin jiru. Kana malees saatalaayitoonni piyooner 10 (pioner 10) fi piyooner 11 (pioner 11) jedhaman gara hawaatti dhaabbanni NASA ergee jira. Saatalaayitoonni kunniinis saatalaayitoota jalqaba sirna soolaarii darbanii deeman ta’aniiru. Keesumaammoo piyooner 10 ergaa fakkiin deeggarame kan waa’ee dhala namaa ibsuu danda’a jedhame yaadame wajjin kan gara hawaatti eergamedha. Deebii isaaniis walumaan eegna.
Meerii kuriin akkuma beekamu nama addunyaarratti yeroo jalqabaaf badhaasa noobeelii karaa fiiziksiitiin kan argatteefi keemistiriidhaanis hojii dinqisiisaa hojjetteen nama yeroo jalqabaatiif badhaasa kabajaa noobeelii si’a lama badhaafamte ta’uu dandeessetti. Meerii kuriin maqaan ishee ganamaa “maariyaa iskoolodo wdowiskaa” kan jedhamu yemmuu ta’u kan isheen dhalattes sadaasa, 1867 biyya waarsaw (poolaand) ammaa keessatti. Isheenis obboloota ishee Aranan, Zoosiyaa, Yozef, Birooniyaafi Helootiif quxisudha. Abbaafi haati ishee lamaanuu barsiisota yemmuu ta’an umurii ishee kudhanitti haadha ishee Biroonislaaraa sababa dhukkuba tiibiitiin du’aan dhabde. Abbaan ishees barsiisaa herregaafi fiiziksii ture. Kuriiniis abba ishee fakkeenya godhachuudhaan barattuu baay’ee cimtuufi qaxalee yoo turteeyyuu yuunivarsiitii waarsaawitti sababa baratoota dhiiraa qofaaf malee hineyyamamneef achitti barachuu hindandeenye. Ta’us garuu biyyuma isheetti bakka “waarsaaw yuunivarsiitii” jedhamuufi iddoo barnoonni idilee dhoksaatti gaggeeffamutti barsisummaa feete osoo hin argatiin barnoota ishee sadarkaa lammaffaa xumurte. Ergasii boodas abjuu isheen biyya alaatti barachuuf qabdu galmaan gahuuf jecha waggaa shaniif akka qayyabsiistuutti hojjettee madda galiishee sassaabachuuniifi yeroo boqonnaa isheettis barnoota kanneen akka herregaa, fiiziiksiifi keemistirii qayyabachuudhaan jireenya ishee itti fufte. Yeroo hojii kana hojjettuttis maddi galii ishee baay’ee xiqqaa sababa tureef soorata fayyaa isheef gahu sababa hin sooranneef yeroo adda addaatti dhukkuba hamaa dhukkubsachaa garuu kaayyoo isheetiif osoo duubatti hin deebi’iin hamma dhumaatti qabsaa’uun rakkina hedduu booda abjuu ishee galmaan gahuun gara magaalaa paariis dhaquun “soorboonitti” galmooftee abjuusheef jecha maallaqa qusachuuf fayyaa isheetti hir’isaa bara 1893 tti digirii ishee lammafaa(maasterii) gosa barnootaa fiiziksiitiin bara isa ittaanutti immoo herregaan argachuu dandeesseetti.
Meerii kuriin nama piyeereekurii jedhamu kan fiizistii biyya faransaay ta’e waliin gaafa bitootessa 26, bara 1895 bultii ijaarratte. Abbaan manaa ishee piyeereeni meeriikurii gargaaruuf jecha hamma hojiisaa dhiisutti hojii isheen keemistirii keessatti gumaachiteefi hojiiwwan ishee hedduu keessatti yeroo hundaa ishee cinaa dhaabbachuun gumaaacha kana hinjedhamne gumaachaa ture. Osoma kanaan jiranii bara 1906tti abbaan mana ishee piyeereen haala nama gaddisiisuun ajjeefame. Meerii kuriin gaafas miidhama guddaa miidhamtuyyuu caba akkasiifis hin mo’amu jechuun hojii abbaa manaa isheetti darbuun yuunivarsiitii soorboornitti piroofeesara dubartii jalqabaa dhaabbatichaa ta’uun hojjate. Isheeniifi piyeereen ijoollee maqaan isaanii Irriniifi Iivii jedhaman yemmuu qaban, Iriinis karuma haadha ishee hordofuun keemistiriin badhaafamtu noobeelii bara 1935 ta’uu dandeessetti. Seenaan jireenyaa ciminafi garaa kutannaa dubartii ajaa’ibaa meerii kuurii kan ibsuu kan yeroo gabaabaa booda gara fiilmiitti geeddarameefi ”maadaam kuurii” jedhamu mucaa ishee lammataa kan taate Iivii Kuriin barreeffamee addunyaa kanaaf gumaachameera.