text
stringlengths
0
196k
Boqonnaa Sagal
Kifileenis, boqonnaa guyyaa lamaa xumuree, gara mana barumsaa isaatti deebi’uuf mana keessa qophaa’aa jira. Haati isaas galaa wa’ii naqxeettiifii. “Egaa….. adaraa keessan mana kana keessaa hinba’iinaa. Rakkoo jiru maras abbayyeekoo haasofsiiseera. Dubbii jiru hundaa haala danda’ameen qoradheen odeeffannoo isiniif fideen dhufa. Yoo haalli isaa rakkisaa ta’es, garamitti akka deemuu qabdan walumaan marii’annee murteessina. Hagasitti garuu asuma maatiikoo waliin turaa. Torbee lama sadii dabarseen dhufa” jedhee gara mana barumsaa isaatti sokke_ Kifileen. Guyyaa sadan tokko erga bullee booda, mammiree Zamanuun nutti siqanii nu haasofsiisuu eegalani. Jechi dubbii mammireen dubbatuufi jechi anaaf hiriyyaankoo_ Tokkummaan dubbataa jirru hagas wal hinfudhanne. Nus ta’e mammiree Zamanuu bitaa gale. “Maal isinihoo dubbii iyyuu hinbeektanii? Faranjiima baargamaa dhufte taatanihoo…. isin ijoollee habashaa mitii?” jedhe_ Mammireen. Lakkisaa ……nuyi faranjiis habashaas miti jenne. “KKKKKK……” jedheeti kiksee nutti kolfe. Mata dureen dubbii, yaadni keenya yaada isaa waliin irratti wal dhiites 97 waanuma ajaa’ibaa inni dhagahee hinbeekne itti ta’e_ habashummaafi faranjummaa. “Isin ilmoo namaa mitii? Faranjiis miti, habashaas miti jettan. Maal ofjechuu feetanree?” jedheeti ammas kolfa qasa’e. Dhimmi habashaaf faranjii kun, anaanillee yeroo baay’ee sammuu keessa na dhufee seenaa dhugaa waliin mataa na cabsa ture. Yeroo hedduu nyaata faranjiimoo nyaata habashaa, loon faranjiimoo loon habashaa, barsiisaa faranjiimoo barsiisaa habashaa, sanyii faranjiimoo sanyii habashaa jedhamee eenyummaa namaafi, ga’ee hojii yookaan abbaa qabeenyummaa namaa ibsuuf filannoon habashaaf faranjii malee akka hinjirre, biyya Itoophiyaa keessatti, qotee bulaa hanga beekaaf barataa yunivarsiitiitti, bal’inaan dubbatama. Bal’inaan haadubbatamu, haadhiisus, kuni homaa miti. Garuu, qabeenyaanis faranjiif habashaa, sanyiitiinis faranjiif habashaa, ga’ee hojiitinis faranjiif habashaa jedhanii nama addunyaa kanarraa mara, biyya tokko keessatti qofaa, bakka lamatti qooduun kun eessaa jalqabe? Ammaan tanahoo eessatti jedhamaa jira? Eenyutu jechaa jira? jedhanii adda baasuun barbaachisaa natti fakkaata_ mul’istuu eenyummaa dhala namaa hedduu keessaa isa tokko dhugaan hubachuuf. Habashaa jechuun nama gogaa halluu gurraachaa, faranjiin immoo nama gogaa halluu adii akka ta’e biyya Itoophiyaa keessatti hedduu lafa qabateera. Baratti dhaloonni sanyii isaa barsiifatee, seenaa sanyii isaa katabee, osoo dhugaa hinjallisiiniifi dhugaa hinhambisiin dhaloota dhufuuf dabarsuun, pilaanetii biraa irra qubachuu caalaa ulfaate kanatti, warri seenaa dhugaa ukkaamsanii seenaa sobaa waltajjiitti baasan kun carraa maalii akka isaan argataniifi fayyadaman hedduu ana ajaa’ibeera. 98 Osoo habashummaan yookaan faranjummaan halluu gogaa taate, galata tekinooloojii haata’u malee, namni gogaa halluu gurraachaa, keessa gogaa isaa garagalfatee, adiitti jijjiirratee faranjii ta’uu danda’a. Jireenyaaf qabeenyaanis ta’e beekumsa barnootaan, durattis ta’e yeroo ammaa kana olaantummaa pilaanetii dachee kanaa waan to’ataniif malee, sanyiin nama gogaa halluu adii sanyii nama gogaa halluu gurraachaa irra wayya kan jedhu hinjiru_ seera namaa yoo ta’e malee seerri waaqaa. Osoo uummanni sanyii nama gogaa halluu gurraachaa, qabeenyaaf beekumsaan warra gogaa halluu adii caalaa olaantummaa gonfatee jiraate, uummanni warra gogaa halluu adii kun gara warra gogaa halluu gurraachaatti jijjiirrachuu yaalu ture_ yoo kan danda’amu ta’e. Silaa kan bareedu waanuma nama waa qabuuti. Kanaaf natti fakkaata geerartuun Oromoo, “qabaatan mucaa ta’uu hunduu nama dhungataa yoo dhaban budaa ta’uu hunduu nama tuffataa” kan jedhuufii. Dhugaan jirtu garuu, habashummaas ta’e faranjummaan ibsituu eenyummaa ta’us, halluu gogaa waliin kan walqunnamtii qabdu miti. Habashaa jechuun, akka uummanni Itoophiyaa hedduun jedhanitti nama gogaa halluu gurraachaa hunda bakka bu’a miti, hinibsus. Faranjummaanis nama gogaa halluu adii hunda bakka hinbu’u. Biyya dhugumaan mirgiif eenyummaan dhala namaa keessatti kabajame keessatti, nama gogaa halluu adii faranjii jettee waamtee, yookaan nama gogaa halluu gurraachaa habashaa jettee waamtee, seeraan gaafatamuu qofa miti adabamuunillee jira. Habashaa jechuun guboo dhiigaafi afaan waliin kan walqabatee dhufe malee, guboo halluu gogaa waliin kan walqabate miti. Namoonni yeroo ammaa kana habashaa jedhamanii beekamanis, saboota afaan gurguddoo Afrikaa keessaa garee Afro-eeshiyaatik jedhamu jalatti kan 99 ramadaman ta’ee, saboota afaan gartuu Semetik jedhamu dubbatanidha. Akka gosaattis, sabni Itoophiyaa keessaa guboo dhiigaaf afaan gartuu Semetikii irraa dhufan, kan akka Amaaraa, Tigiree, Guraagee, Adareefi Argobbaan isaan gurguddoodha. Isaan kunis walumaagalatti sanyii habashootaa jedhamu. Maqaan habashaa jedhu kunis kan isaaniif moggaafameef akkasumaan miti. Bara durii yeroo akka har’aa kana lafti addunyaa keenyaa kun hundi namaan hinqabamiin, sanyii arabootaa ‘Habish’ jedhamantu biyya arabaa irraa godaananii karaa yeroo amma kana biyya Yemen jedhamtee beekamtu kana, gaanfa Afrikaa irraan gara biyya yeroo ammaa kana Itoophiyaa jedhamtuutti seenanii qubatan. Biyyumti amma Itoophiyaa jedhamtee addunyaa irratti beekamtu kunillee yeroo sana maqaa kanaan beekamuu miti daangaa kanaan illee hinbeekamtu ture. Hiikkaan dhufaatii maqaa biyyittii kanaas afaanota yeroo ammaa kana Itoophiyaa keessatti dubbataman wajjin walitti dhufeenya akka hinqabne hambaaleen seenaa tokko tokko ni ibsu. Saboonni Itoophiyaa baay’een illee akka eenyummaa sobaan (false identity consciousness) of hubatan yookaan ofbeekan kan taasise raacitii godaantota kanaa akka ta’e ragaaleen haftee bara mootummoota abbaa irree ni mul’isu. Jabana sana waan dhagaa bu’uuraa buufate natti fakkaata, inni yeroo ammaa kana rakkoo guddaa guddina uummattoota Afrikaa ta’ee sabaaf saba wal nyaachisaa jiru, seenaa sobaa barreessuuf barsiisuu (historical transformation) irraa kan madde. Garuu yeroo ammaa kana gosa sabaaf sablammootaa 86 ol ta’an kan biyya Itoophiyaa keessa jiraatan qofa miti, saboonni gogaa halluu gurraachaa kutaalee biyyaa ardiilee adda addaa 100 irraa dhufanii, Itoophiyaa keessa jiraatanis ta’e hojjetan, akka habashaatti ilaalamu. Ilaalamuu qofas miti, abalu habashaadha, abalu faranjiidha jedhu halluu gogaa isaatiin. Osoo eenyu akka ta’eef eessa akka dhufe isaan hindhibiin. Wanni eenyummaa kun, kan walitti hindhufne walitti fidanii, masara mootummaa galchuun, waan eenyummaa dhugaa immoo dhoksanii sabaan saba waamuun, eessaaf maaliif akka jalqabee hanga har’aa waltajjii qabatee ijaajju, namoonni adda baasanii beekan baay’ee bicuudha. Saba tokko saba biraan waamuun, saba tokkoof daangaa beekamtii babal’suu, saba isa saba biraan waamamuuf immoo labsii badisa isaa irratti labsuudha jedheen, seenaa sabakoo hatamee mataa na cabsaa jiru hamma ta’e yaadakoo ibseen hiriyyaakoo_ Tokkummaaf qoode. Yeroon ani isa baddaaf dakaa walitti fidee, uggura seenaa sabaan saba waamuu kana, miira aariidhaan Tokkummaaf seenessu, jaarsi mammireen gola keessaa gurra dhaabee mataatii bokokaa jira.
Boqonnaa Kudhan
Aadaa oromoo keessatti, bara rakkinaa namni firattis ta’e hiriyyaatti baqatee bara dabarfachuun kan baramedha. “Baraaf murxuxxee gad jedhaniiti ofirra dabarsu” akkuma jedhamu, oromoonis bara rakkinaa wal oolchuu aadaa godhatee, walharkaa fuudhee fide. Aniif hiriyyaankoo_ Tokkummaanis, beeknees ta’e osoo hinbeekiin aadaan kun sammuu keessa waan nu jirtuufi mana maatii hiriyyaa keenyaatti baqachuun keenya. Garuu firummaan yookaan hiriyyummaan afaan haataatuu dhiiga, wanni adda baafannee beeknu hinjiru. Erga gaafa gola keessa taa’ee, dubbii uggura seenaa eenyummaa ani Tokkummaaf seenesse dhagahee, abbaan Kifilee_ mammiree Zamanuun, nutti dhihaatee taphachuun baay’ee dabale. Seenaa sanatu isa gammachiisee? Moo nama afaan dhadhaa isa garaa madaati? Waaqxiif lafti haabeeku malee, homaa wanni nuyi beeknu hinjiru. Waan shakkines hinqabnu. Hedduu nu kofalchiisa. Ofii illee hudduutii garagalee kolfa. “Waaqa addaataa roobuuf nama kolfaa nama miidhu hinbeekkatani” akkuma jedhamu, kolfa dhugaa haata’uu kan sobaa, nuyi hinbeeknu, waan mamnes hinqabnu. Jaarsi kun waan hedduu nu jaalatan seena. Osuma ganamaa galgala 102 jaarsa cinaa teenyee kolfa qasaanuu, guyyoota murtaa’e dabarsine. Jaarsi mammireen kun bulchaa bataskaana Maaramii Qadiidaati. Waanuma tokko yoo dubbatan, dhugaa jettuu…. jennee yeroo dubbii isaa jalaa qabnu, “maaramii qadiidaa” jedha. Maaramii qadiidaa jennaan… soba dubbachuuf shira maruu miti, waan bishaan liqimsan hinseenu. Guyyaa tokko garuu waanuma addaa tokkoon nu keessumsiisani. Akkuma guyyoota muraasa dabarsine, har’as ganamaan kaanee karaa boroo balbalatti gad yaane. Biqiltuu geeshoo jala barcuma buufannee teenye. Mammiree waliin haasaa keenya wal harkaa fuunee walaasne. Erga gaafa mana obbo Saaqqataatii baanees namni nu argee hinbeeku. Nu arguu dhiisuu isaaniif garuu gorsa obbo Saaqqataa gaafa dachaa goodaa fardeenii, galagalchoo mul’istuu bara keenyaa kana irraanfanneerra. Akka yaada keenyaatti, mana mammiree Zamanuu jiraachuu keenya kan beeku obbo Saaqqataafi waaqayyo qofaadha. Balbala boroo teenyee osuma haasaa keenya jaarsa waliin walaasnuu, fooliin dhadhaa mana nyaata bilcheessan keessaa gad burqu, bakkeetti lafaan nu mare_ dharraatiin. Hamma ka’aa olseenaa… laaqana nyaadhaa… jedhanitti hedduu sardamne. Akkuma ta’u ta’ee yeroon laaqanaa nuyi muddamnee eegaa turres qaqqabe. Harka dhiqannee olmanatti seenne. Har’a silaa akka durii nyaadhaa…. kutadhaa….. jechuun illee waan barbaachisu natti hinfakkaanne_ osuma nyaanni dhiyaatee nu bira hinga’iin iyyuu foolii fuunee waan afaan mi’eeffanneef. 103 Nyaanni dhufee dhiyaates, hamma nuyi fooliidhaan bakkeetti dharraanee eegnee gad miti. Ittoo handaaqqoo isa funuuna giiftii fakkaatu distii sibiilaa keessaa itti nuuf jigsani_ anaafi Tokkummaaf. Mammiree Zamanuufis distii suphee keessaa itti buusaniif. Nyaata akkas urgaawu kana takkaa qofa afaan kaawwadheen osoo lammata afaan hinkaawwatiin, akkuman harkakoo gabatee buddeenaatti ergetti, sagalee iyya saree gurra nama duuchutu balbalaa dhagahame. Dubbiin sagalee guddaa dhagahuu kun anaaf sodaa erga ta’ee bubbuleera. Buddeena cabsee afaan kaawwachuuf akkan maree qopheeffadhetti gabateerra buuseen alatti gad fiige. Yeroon saree kana bira ga’u narraa siqxee dhaabattee nalaalte. Ergamtuu du’aa haataatuu, ergamtuu waaqa jireenyaa, rabbi malee ani hinbeeku. As ilaallaan, achi ilaallaan homtuu hinjiru. Doomi! Dhorami! Rabbi ayyaana si haaqabu! Saneen si hinga’iin! Bita keenya fudhuu dhaqi! jedheen abaaraa olseene. Silaa durumaanuu ittoon har’aa raajiidha. Hiriyyaankoo dukkanaaf ifa waliin daaknee har’a asiin geenye, waan taa’ee na eege hinfakkaatu. Hamma ani iyya saree balbalaa birmadhee deebi’utti, nyaata mi’ooftuu kana si’a lama sadii waan afaan ka’aten se’a. Yeroon bakka taa’umsakootti oldeebee harkakoo gara gabatee buddeenaatti hiixadhu, harki Tokkummaa buddeena cabsachuuf as diriire osuma hindacha’iin gabatee nyaataa dhahee lafatti dabaleeti, ofii lafatti diriire. Anis wayyoo haadhookoo……. jedheen irratti lafa dhahe. Mataa isaa olqabee yeroon ija keessa isa ilaalu, akkuma jawwee hiixatee dhaabachuu dide. Osuman arguu akkuma laastikii isame. Altakkaa duwwaa ija isaa bongol godhee nalaaleeti, “Jaa…. Jaaa….” jedhe. Maqaa na waamee waa natti dhaamuu barbaadeeti, afuurri isaa deebi’uu didde. 104 Dhangala’aan baaduu fakkaatu tokko qaawwa funyaan isaa keessaa kolol jettee gad yaate. Isa dura akka jawwee hiixate, akka ribuu walitti butameeti walitti guduunfame. Tokkummaan mucaan utubaa manaa fakkaatu akkuma feestaalii abiddi gubee walitti shuntuure. Iji isaas akka ijakoo keessa ilaaletti, harki isaa akka shurraabakoo qabatetti, miiltoonkoo gaafa qormaata dukkana limixii waliin kufnee kaane, foon isaa harkakoo irratti dhiisee addunyaa kanarraa godaane_ summii mammiree Zamanuun nyaata waliin nu nyaachiseen. Anis osoo hinrafiin dhaabiitti abjuun liqimfame. Nan boo’e! Nan gadoode! Nan mar’adhe! Nan halaake! Nan caraane! Lafarran gangaladhe! Hiriyyaankoo haga har’aatti yaada malaaf falaa naaf qoodaa tures, tole bade hinjenne. Hirriba hinkaane ciisee na dhaggeeffate. “Eree minnoo…… Hiniyyiinii….. mucaan fayyaadha. Besma’aab wolde menfes qiddus ….. maal ta’ee qe’ee rabbashaa?” jedhe, mammiree Zamanuun. Yeroo hiriyyaankoo_ Tokkummaan gad hiixatee, ol kottoonfatee, akka dubartii deessuutti miixatee lubbuu of keessaa baasu, lafti urattee gad na liqimsuu didde. Samiinis butee ol na fudhachuu dide. Malaaf fala dhabeen akka sa’a gorra’amee, reeffa hiriyyaakoo irra gangaladheen gadoode. Homaa kan naaf dirmates hinjiru. “Aantee lij, yoo zim jetta ta’e zim jedhi. Qe’eekoo irratti hiniyyiin. Kanaan ala poolisii fideen seeraan manakoo keessaa si baasisa” jedhee, reeffa namaa akka reeffa sareetti osoo hinilaaliin irra tarkaanfatee ala ba’e_ mammireen. 105 Yeroo mammireen maqaa poolisii dhahee gad ba’u, akka maraachuus akka of wallaaluus na gochuu kajeele. Bo’ichakoo dhiiseen, hiriyyaakoo naaf jecha gatii lubbuu kaffale miila jala ofirra gad quuphane. Jaarsi mammireenis xiqqoo ala dhaabateeti deebi’ee manatti olseene. “Dhukkubni akkasii kun ‘irgimaanii’ ta’uu danda’a. Gizee baay’ee namoonni betesabiin isaanii yookaan ofii isaanii abaarsa qaban akkuma tasaa kufanii du’u. Duraan dabarsanii soomaaf sagadaan maaramiin ‘ammaalladuu’ qabu ture. Maal godhuu mitii…. Maaramiin qadiidaa lubbuu isaa jannata haagalchitu malee. Amma nama du’e qabatanii taa’uun waagaa hinqabu. Bo’ichakee dhiisiitii… ka’ii deemii maatii isaatti himi. Dhufanii fuudhanii haa awwaallatani” jedhe. Yakkamaan lubbuu dhalattuu karaatti galaafate waan garalaafessa namaa of fakkeesse. Akka ani maatii Tokkummaa waamu barbaadee osoo hintaane, akka nuyi dhokataa jirru waan beekuuf, anis waanan qabuuf gad dhiisu wallaalee achitti gogee akkan hafuu barbaadeeti. Akka nuyi poolisoota dheessaa jirru waan dhagaheeruuf nama hindhageenye fakkaatee, tooftaatiin guboo kaayyoo keenyaa balbala isaatti gogsuuf ture, kaayyoon mammiree Zamanuu. Silaa baqataan ofiifuu mala wallaalee jooru, maal namaaf malaa miti, anis taa’ee hedeen yeroon lubbuu hiriyyaakoof mala dhabu ofiif waa murteeffadhe. Deebi’ee galuun waan hinfakkaannedha. Fagaadhee deemuuf, waahillikoo dhadhaabbata ulee bosoqqee natti ta’e. Yeroo aduun dhihee lafti sursuraa’u, mana isaa keessa reeffa cinaatti na dhiiseeti gara bataskaana maaramii qadiidaatti sokke, “qiddaasee qaddaseen dhufa” jedhe. 106 Anis marii nyaphaa kana taa’ee hineegne. Tokkittiikoo ishii gaafa xiiqii, kan duuti na harkaa baase_ reeffa Tokkummaa, gateettiirra buufadheen gara bosona qarqara bishaan haroo Finca’aatti kaadhe. Osoo baay’ee ta’uu baatellee, anis nyaata summaa’aa sana altakka afaan kaawwadhee waanan tureef, suuta suutaan garaa keessaa lapheetti ol na aare. Deemsas ana dhorke. Caffee raatuuf sochootuu qarqara bishaaniitti biqilee jiru keessatti lafaan dhaheen reeffa Tokkee boraafadhee ciise. As gangalchee, achi gangalchee yeroon gadoodu, Tokkeen ‘xis ximbis’ hinjenne. Caffee boraafatee ciise, jireenya naachaaf raachaa. Anis halkan guutuu seexanaaf ekeraa waliin reeffarra sirbaan bule. Awwaallachuufis qeensaan lafa hinqotu. Dhiisuufis seexaan na keessa jira. Waanan godhun wallaale. Ganama yeroo lafti barii’u, allaattiin luka dhedheeraa bishaan keessaa qurxummii adamsu nu marsee dirrisuu jalqabe. Akkanumaan ganamaa hamma galgalaatti allaattii irraa tiksaan oole. Osoo reeffa hiriyyaakoo na harkaa butee nyaachuuf itti gamuu. Aduun dhihee si’a biiftuun lixxu, haga yoomiitti reeffa qabadhee akkan taa’u gaaffii natti ta’e. Tokkee lafaa ol fuudheen, gara bishaaniitti buteen caffee harkaan jijjiksee irra ciibse. Yoo waaqayyo jedhe, haga fedhe dheerattus guyyaa tokko shiraaf uggura manaa si baasee irbaata allaattii si taasise kana nan jijjiira. Seenaakees, seenaa hundeeffama gurmuu fincila diddaa garbummaa saba oromoo godheen kataba. Guyyaa yaadannoo gootota qabsoo bilisummaaf hobba’anii ta’ees, kan kanaa booda qabsoof gatii kaffalan dabalatee, akka kabajamu nan taasisa. Yoon barakootti dadhabes imaanaakee kana dhalootatti dabarseen darba. Ragaan keenya waaqayyoof lubbuukeeti. Lubbuun hinduutu. Mana waaqaatti 107 na gaafatti. Naachiif raachi, allaattiif qurxummiin caffee Haroo Finca’aa si haa awwaalani. Lafarrattis, mana waaqaa keessa samiirrattis, dhiignikee na haa gaafatu, yoon imaanaa kaayyookee nyaadhe. Hireekees haa ta’u carraakee, hiriyyaakoo gaafa xiiqii, osoo akeekakee bira hinga’iin galaana “qara qaramee hindoomneen” liqimfamtee na biraa hafteetta. Anis yoon danda’e galaana akeeka jireenya dhala namaa nyaatu kana tarkaanfadheen akeekakee akeekakoo taasisa. Kun immoo kennaakoo isa jalqabaaf dhumaati. Shurraabakoo ati itti rarraatee miixattee lubbuukee of keessaa baafte, ijakeerra haa buutu. Allaattiis ta’e bineensi dura si arge, ilkeen isaa oso qaamakee hinciniiniin shurraabakootti afuura haa baafatu, jedheen shurraabakoo ofirraa baasee fuula isaa irra buuse. Osoon imimmaan dhiiga roobsuu waadaa hamma wabii lubbuukootti deemus isaaf seeneen seexaa kudhaammadhee biraa qajeele_ qal’oon aayyuleekoo, huuqqattuun abbaa Milkii, ani Jaawwaraa Caattoo. Garuu dubbiin wabii waadaa, lubbuukoofi ragaa waadaa waaqayyoof lubbuu Tokkummaa na waamsise, nyaatamuu Tokkummaa “galaana qara qaramee hindoomneen” qofa osoo hintaane, Tokkummaan gumaafis ta’e gumaata dhaquuf nama cophaafi dhala hingodhatiin hobba’e ta’ee nama “galaana nama du’ee du’aa hinkaaneen” kan altakkatti galaana lamaan nyaatame ta’uu isaati. Akkuma abbaankoo bara Birraa yeroo nyaata asheeta boqolloo sana nu gorsaa turan, laggeen galaana riqicha malee akeeka dhala namaa ta’anii kan kaayyoo dhala namaa fuuldura hiriiran kana, hiriyyaankoo Tokkummaan kan irra taruu dadhabeef akka nama mukarra rafuutti yeroo hunda dammaqaa ta’uu waan dhabeefmoo waan biraatiifi? jedheen 108 sababa isaa osoo ofiif hindeebisiin galaa godhadheen akeekakoo faana ba’e_ bilisummaaf birmadummaa sabakoo. Silaa namni dhalatee dhala malee hafe muka seerame waliin waan wal caalu miti. Seenaan isaas ta’e eelaan isaa awwaalcha isaa biraa hafee umrii dheeraa jiraachuuf waan mana jireenyaa argatu natti hinfakkaatu. Tokkummaanis kunoo daangaa kanaan qabamee ana biraa hafe.
Boqonnaa Kudha Tokko
Dubbiin ganamuma borsaa barruuleekoo na fannisiise, har’as ana duukaa bu’ee bo’ichaaf gaddaan na hordofa. Silaa namni waan halle biraa dheessuu danda’ullee, waan lama baqachuu akka hindandeenye ifaadha. Lafa haga fedhe fagaatees haa deemu, dachee kana lakkisees pilaanetii biraatti haa ce’uu, namni kamuu yaada mataa ofii isaafi waaqayyo uumaa isaa jalaa hinba’u. Namni jalaa ba’uuf yaalus dhumni isaa maraatummaa yookaan du’a ta’a_ yoo itti araarame malee. Namni mataa ofii yookaan waaqa uumaa ofiin waldhabe, dheessuurra araaramuu osoo filate lafa kufee ka’uu yookaan deebi’ee jiraachuu danda’a. Anis yaada mataakoo yookaan waaqa uumaakoo osoo hintaane, dunkaana gabroomfataa eenyummaa sabaa ukkaamsuuf, sirna bulchiinsaa dhalattuu karaatti gogsee sanyii namaa aramaa nyaachisu kana dheessuuf jecha geeraraan qajeele_ osoon fuulakoorra imimmaan lolaasuu. Yoon argadhes nyaadhee, yoon dhabes mudhiikoo hidhadhee, deemsa guyyaa lamaa booda osuman lagarraa lagatti darbuu, Jaree biyya mimmixaa jala darbeen bosona maangoofi shonkoraa magaalaa Baakkootti ba’e. Qamaleef bosonuu maangoof shonkoraa keessa burraaqan malee namni na arges hinjiru. Takka shonkoraa, takkammoo maangoo gad cireen itti hafuura deeffadhe. Guyyaa lamaan tokko 110 shonkoraa keessa ciiseen halkaniif guyyaa cuunfe_ sukkaara na hingaafatiinaa malee. Maddiinis na xunxunuu barbaade. Mogoleenis humna argatee jajjabaate. Humna shonkoraaf maangoo galaa naqadheen ammas ba’ee qajeele. Garam akkan deemaa jiru garuu adda hinbaafanne. Ta’us, dubbiin gorsaaf seenaa obbo Saaqqataa waa’ee Harargeefi Baalee natti himee ture, garaa keessa na jirti. Uummata dhiira, nyaphaaf fira akka qamadiif ingirdaadaatti addaan fo’e kana qunnamuun akka humna naaf ta’u amaneera. Lixa Oromiyaa, magaalaa Baakkoo irraa gara Baha Oromiyaatti deemuun filannoo humna argachuuf dhabuu natti fakkaate. Humna dhabuurra humna argachuu wayya jedheen Baakkoo keessaa ba’ee imalakoo itti fufe. Karaa namni irra deemu osoo hintaane, daandii bineensaa qabadheen, Geedoof Gudariin qaxxaamureen, Waddeessa keessa darbee bosona Cillimootti ba’e. Gara torbaan lamaafis jaldeessaaf weennii waliin Baddeessaaf Goosuu bosona Cillimoorratti wal saamne. Nama caalaa bineensa waliin jiraachuun waan baay’ateef, namatti siquurra bineensatti siquutu na boqochiisuu jalqabe; namatti baqadhees miidhama godaannisa jiilaa qaba. Mana alagaatti baqachuun galaana nama nyaachisee amma fayyaa, amma du’aa akka nama baachisus ta’e, achiin dhadhaa asiin summii akka nama nyaachisu argeera. Galanni gooftaa uumaaf haata’u. Kan dachee lafa Oromiyaa irratti na uume. Beela’ees waan nyaatamu barbaacha mana namaa irra hinjoorre. Dheebodhees bishaan barbaacha gandarra hinkaanne_ ergan Cillimoon seenee. Baddeessaaf Goosuu, Goraaf Agamsa funaaneen dabaqaa oola. Bishaanis, taliilli dhagaa keessaa burqitu garanaaf garasiin gadi fincaa’u. Yoon barbaade nan dhuga, yoon barbaade ittiin dhiqadha. 111 Osoo namni hubatee nalaalu jiraate kolfa du’a ture. Ergan bosona Cillimootti galee rifeensa mataakoof qeensa miilaakoo malee kan fala dhabe hinjiru. Fuulli wullee dhadhaa abidda bira fanniffame na fakkaateera. Qomnis Leenca kormaa na ta’e. Bosona nyaataaf dhugaatiin badhaadhe kana keessa turuun, kaayyoo seexaakoo na dagachiisee, osoo waahila humna naaf ta’u hinargatiin akkan qofaa bineensa waliin jiraadhu na taasisa jedheen shakke. Cillimo keessaa ba’ee osuman jooree jaawwaruu, Gincii duuba darbeen magaalaa Kilbeetti ba’e. Namuma jiraataa naannoo fakkaadheen magaala xiqqoo kana keessa oliif gadi sosocho’e. Mucaan ijisaa barbadaa abiddaa fakkaatu tokko, kan qaamaan hamma arbaa ga’u fuuladuraan natti dhufe. Anis calliseen itti adeeme. “Obboleessoo……” jedhe akkuma na bira ga’een. Eenyuun jechaa jirta? Anaan jechaa jirtaa……. jedheen ija keessa isa ilaale. “Eeyyee….. siin jechaan jira. Dhiifama waliin…….. waa sigaafadha jedheeni….. Magaala kanaa mana obbo Taabor beektaa? Yoo beekta ta’e natti himta jedheeni” naan jedhe. Lakkii….. anoo hinbeeku jedheen bira darbe. Duubatti na duukaa deebi’eeti, “manni daabboo naannoo kana jiraa?” jedhe. Lakkii…… ani magaala kana keessa hinbeeku jedheen itti garagalee dhaabadhe. Jecha inni, mana daabboo jedhee na gaafates garaakoo na nyaatteetti. Nama biyya fagootii dhufee rakkataa jirudha tayinnaa jedheen shakke. Waa gochuufii yoon baadhellee beela’ee waanan argeeruufi. Osoo ani 112 waa’ee mana daabboo deddeebisee sammuu keessa of naannessuu, ammas xiqqoo natti siqe. “Waajjira poolisiihoo naannoo kanatti argiteettaa?” jedhe. Baay’een nahe. Innis fuulakoo ilaalee baay’ee rifate. Ani poolisii ana hordofaa jiru se’een, hedduu of bir’adhe. Duubakoof fuuldurakoo morma yaaseen mil’adhe. Innis homaa dubbachuu didee, akka of bir’achuu ta’e. “Maal obboleessoo? Magaala kana keessa rakkoon jiraay? Waan rifatte fakkaatta” jedhe. Silaa “nama harree badde barbaadu gurratu ‘kurum kurum’ jedha” jedhama. Lakkii….. waa’ee rakkoo magaala kanaa waanan beeku hinqabu. Yoo jiraatemmoo deemtee furuu dandeessa, ani poolisii miti jedheen biraa qajeele. Mucaan magaala Kilbee keessa naanna’ee mana obbo Taabor iyyaafatu kunis, manneetii barnootaa magaalaa Amboo keessatti fincilli diddaa gabrummaa dhuka’ee, gabroomfataaf barataan Oromoo dhiiga wal boorrachiisaa waan tureef, isatu gurmuu barataa fincila diddaa gabrummaa saba Oromoo qindeesse jedhamee du’aaf barbaadama. Innis ajjeechaa kana baqadha, fira isaa sabboonaa oromoo magaalaa Kilbee keessa jiraatu, kan gaafa gammachuuf gaddaa iyyaafatee hinbeekne, har’a gaafa lubbuu of oolchuu jooree barbaadaa jira. Bara kana keessa akka nama mukarra ciisuutti yeroo hunda of ilaaluun laga riqicha hinqabne nama ceesisa inni jedhamus tokko kana natti fakkaata.
Boqonnaa Kudha Lama
Kuluuleenis, halkaniif guyyaa osoo dhoksattee boossuu barumsa ganna lamaa turtii mana barumsaa magaalaa Shaambuu xumurte. Qormaatas fixxee gara mana maatii ishiitti deebite. Fuulli ishiis kasalaa eelee fakkaate. Kuluuleen yeroo barnoota sadarkaa gadii barachaa turtetti, shamarree cimtuufi sodaatamtuu turte. Nama isa ormaa miti, maatiin ishii illee gaafa ishiin nyaara guurte homaa ittiin hintaphatan. Garuu guyyaa ishiin itti nyaara guurtu akka dhahaa yoo ta’e malee, yeroo baay’ee fuulli ishii iyyuu ilkaani. Barri fuulli Kuluulee ilkaan fakkaatus roobee caameera. Galgala daftee rafti. Ganama daftee hinkaatu. Kuluuleef maatii Kuluulee gidduu, ija keessa wal ilaaluun ajaa’iba ta’e. Haatiif abbaan Kuluulee osoo ija ishii arguuf hawwanii, ganama osoo ishiin hirribaa hinka’iin gara waajjira hojii isaaniitti sokku. Galgala yeroo isaan lachuu hojii oolanii galan, osoo lafti dukkanaa’ee ibsaan hinbanamiin gola ciisicha ishiitti galti. Haadhaaf ilmoo gidduutti wal argaan soogidda taate. Maatiin mana tokko keessa jiraatu akka nama laga riqicha hinqabne gamaaf gamana jiraatuu wal hawwe. Rakkoonkee maali? jedhanii ishii gaafachuus sodaatani. Kuluuleen kan mataa ofii ishee miti, yeroo haatiif abbaan ishii waldhabaa turanillee, guyyaa tokko jaarsummaa nama alaa waammatanii hinbeekani. Bitaaf mirgaan teessiftee, akka 114 qorataa yakkaatti rakkoo isaanii adda baasaa turte. Nama dogoggorri irratti argames gorsaa turte. Shamarreen ijoollummaa ishiitii kaastee utubaa maatii turte kun, har’a gaafa umriif beekumsa barnootaan dabalteetti jedhamtu kanatti, rirma utubaa manaa nyaattu taate. Maatii nagaa dhorkatte. Guyyaa tokko garuu harmeen ishii waa mala dhahan; akkaataa itti amala ishii bakka duriitti deebisan barbaaduuf. Gola ciisicha ishii keessa seenanii “Kuulleekoo…… kottumee…. godana gara baadiyaa kana deemnee akaakayyuukee dubbisnee dhufna” jedhan. “Maali? Akaakaankoo maal ta’ani?” jette. Yeroo ijoollummaa akaakayyuu ishii biratti waan guddatteef, akaakayyuu ishii baay’ee jaalatti_ Kuluuleen. “Lakkii…… dhukkubahoo hinqabani. Akkanumaan itti mul’annee dhufna jedheen malee” jedhan. “Tolekaa…. yeroo qophooftu natti himi. Indeemna” jette. Harmeen ishiis, siin qophaa’uun sinbarbaachisuu? hinjenne. Callisanii gola ciisicha isaaniitti deebi’ani. Waan fudhatan fudhatanii gara Coommanitti ka’an_ Kuluuleef haati. Kaayyoon haadha Kuluulees qofaatti ishii baafachuu ture. Maal rakkattee akka ishiin amala jijjiirratteefi, maal taatee akka ishiin kasalaa eelee uffatte, sababa rakkoo ishii gaafachuuf. Osuma waan birqabaa taphataa deemanii, Gabaa Dafinoo qaxxaamuranii Looyyaa Qidaamiitti ba’an. Daandii konkolaataa Finca’aa-Geedoo irraa gara mirgaatti maqanii baadiyaa keessa qajeelani. Fuullee qe’ee sabboonticha qotee bulaa obbo Gaanfuree Burqaa isa ilma barbadaa abiddaa dhalche sana darbanii Coommanitti imalani. 115 Silaa garaan haadhaa tiruudha, harmeen Kuluulee waan manaa ba’aniif sana gaafachuu jalqabani. Kuluuleenis gaaffii harmee ishii deebisuuf baay’ee eeyyamamtuu hintaane. Dhugaa jiru dhiistee sababa biraa kaasuu yaalte. “Barnootumatu anatti cime malee homaa rakkoo biraa hinqabu aayyoo….” jette. “Sareekoo…. nan dhoksatiin. Waan fedhes haata’u, ji’a sagal guutuu garaatti si baadheen si dahe. Ana haadhakee caalaa nama sitti aanu hinqabdu. Amman lubbuun jirutti, ana gararraatti kan rakkookee furuuf sitti dhihaatu waaqa yoo ta’e malee hinjiru. Mee natti himadhu…… bukuraakoo….. nan sodaatiin dhugaa jiru anatti himi” jedhanii sossoban. “Aayyoo…… adaraakee gaaffii kana irra deddeebitee na hingaafatiin. Takkaa rakkoo hinqabu jedhee sitti himeera. Amma waa’ee kanaa irraanfadhuutii, waan biraa taphanna” jette, faara gubdee. Dubbii haadhaatti bishaan naqxe. ***** Kuluuleenis maatii ishiif intala tokkittii qofa osoo hintaane, dhala tokkittii ilmoo kurupheeti. Sababa kanaaf ture, gaafa ishiin akka durii kofaltee haasa’uu dhiistu, manni mana gaddaa kan fakkaate_ namni taphatu dhibee. Ishiinis gaafa haatiif abbaan ishii gara mana hojii deeman, nama waliin qaaqxee godaannisa madaa jaalalaa ittiin dagattu of biraa hinqabdu. Kanaafuu, yeroo hundaa gaafa kophaa teessu yaadaan buustee baastee madaa onnee kana bal’isti. Har’a gaafa haadha ishii waliin taphataa deemtus, yeroo xiqqoof dagattullee, gaaffii harmee ishiitiin gara hojii idlee ishiitti deebi’uuf dirqamte_ yeedala yaadaa madaa godaannisa jaalallee jaalatanii dhabuu. 116 Haati Kuluulees kanumaan hincallisne. Ija ishii keessa ilaalaniiti, “dhalakoo….. yoo himattes yoo dhoksattes, furmaata rakkookee arguu malee rakkookee arguun ana jalaa hindhokanne. Ammaaf illee homaa miti dhoksadhu. Garuu guyyaa tokko nama waan taateef, golli dhoksaakee guutee akka gad baastu natti mul’ata. Hammasittis si keessatti guddachaa waan buluuf, gaafa guutee dhangala’e ishuma har’a na dhokfatte, ana haadhakee waliin illee baachuun ulfaataa nutti ta’uu danda’a. Yaadni akkas keessakee fixee, fuulakeetti ba’e kun gara lubbuukeetti dhufee, mana keenya onatti jijjiiruu danda’a. Ati waa taatee kanan si biraa hafee taa’ee midhaan nyaadhu sitti hinfakkaatiin. Abbaakee gara ilaalchisaa hambifta malee…. kankoollee homaa miti” jedhanii imimmaan dhangalaasani. Dubbii haati ishii dubbatan kunis Kuluulee mataa maruu hinoolle. “Aayyoo…….. ati maal taate? Amma waan ta’e maal hubatteeti, ati kan akkas hamma kana dubbii baddaa dakatti geessitu” jette. “Lakkii…… lakkii…… dhiisi Kuulleekoo….. ati isa durii miti giiftiikoo. Garuu kanaa booda anis ishii durii ati beektu akka hintaane hubadhu. Maal taate intalli…….. otuma ijikoo silaaluu na jalaa darbuuf jirtaam. Siin malee akka ijikoo jaamaa ta’e hinbeektuu?” jedhaniiti uf-f-f……. jedhani. Hafuura dheeraa baafatani. “Osuma waan fedhe siqunnameyyuu haadhakee ta’uukoo qofa miti, ani ilmoo dubartiiti. Yoo anatti himatte maal ta’a? Dubartiin dubartii taatee fafa dubartii odeessitu gaaftokko insalphatti. Anillee haadhakeeti, osuma dubartii ormaatti himatteyyuu maal qaba? Dhukkubsataan ogeessa yaalaatti iddoo dhibeesaa hinhimanne horii qofaadha. Namni afaan xaxamellee mallattoodhaan agarsiifata. Ati nama taatee kan 117 dhukkuba dhoksaatti kunuunsitu maaliifi?” jedhan_ harmeen Kuluulee. “Aayyookoo……. hindogoggoriin. Anillee siin ala ija hinqabu. Rakkookoos akka ati anarratti hinilaalle nan beeka. Garuu ……” jettee calliste. “Mee dubbadhu dosoraakoo… ana aayyookee daaraa haafakkeessu…… daalachooftuukoo…” jedhanii fuula ishii irraa harkaan haxaa’ani. “Harmee……. ijuma jabinaan akkan rakkookoo si dhoksaa jiru atis barteetta. Rakkoo ana mudates furuu hindandeessu. Yoon sitti himes, yoo baay’ate akkumakoo aariidhaan bifa jijjiirrachuu dandeessa. Kanaan ala wanni furmaata laattu tokkollee hinjiru. Anaaf ati, galaana rakkoo na qunname kana keessatti yoo kufne, aabbaakoos injifachuun keenya salphaadha. Kanaaf sadii taanee mana keenya diiguurra, osoon rakkookoo anumti baattadhe anatti tola. Hanga rabbi furmaata naaf kennutti. Yoommoo dhagahe malee kan jettu taate sitti himuu nan danda’a” jette Kuluuleen. “Mana abbaa isaa haaballeessu….. manni anarratti haajigu….. maaliif har’a galgala diigamee hinbadne. Isa dhiisiitii, amma ani dhagahuun barbaada. Dafii waanuma rakkatte sana anatti himi dhalakoo…. Garuu ni ulfoofte akka hintaane?” jedhan, ilkaan seeqaa. “Boo! yaa aayyookoo…….. yoon ulfaa’e maal qaba? Kun safuu har’a anarratti jalqabu miti. Osoon ulfaa’e immoo kun siif silaa gammachuu addaati. Mucaa guddisuun baay’ee si hinmiine. Anaanillee akkayyaakootu na guddise. Garuu dubbichi rakkoo waan biraati” jette. “Inni biraan immoo maalinniree? Kuulleekoo” jedhan. 118 “Harmeekoo……. yeroon isin bira taa’ee barachaa ture, barnootakoo malee waan biraa akka ani hinbarre inbeekta. Intala abaluu ishii gaafa akkasii jedhamees safuu tarkaanfachuutti waamamee, gaaftokkollee maqaa isin dhoosisee hinbeeku. Ergan Shaambu deemee garuu, akkaataan itti gale osoo hinbeekiin, jaalala keessattin of arge. Garuu mucaan ani jaaladhee jaalala ijoollummaa waliin jalqabe kun haa du’uu, haa jiraatuu, wannan beeku hinqabu. Erga waraabessi isa nyaate yuusuu didee waggaarra darbeera” jette. Haadhas dubbiin isaa bitaa gale. “Situ isa jaalata malee, inni sin jaalatu jechuudhaay?” jedhani. “Lakkii….. harmee innillee hedduu najaalata” jette. “Yoos balaa konkolaataatu irra ga’ee du’emoo maal ta’eree, kan nama jaalattuuf si jaalatu argaa dhabde” jedhan. Ishiinis erga gaafa daree keessatti ija hannaan wal kabaluu eegallee kaasee, hanga gaafa bo’icha mana hidhaa waajjira poolisii keessaatti, seenaa ture hunda haadha ishiitti himte. Rakkoon Kuluulee mudatee bifa ishiitti jijjiire kunis, darbee haadha Kuluuleef illee qormaata jireenyaa ta’e. “Akka ati jechaa jirtu kana taanaan, wanni goonu hinjiru. Furmaanni yoo jiraate, ofdagachiisanii irraanfachuu qofaadha” jedhan. “Harmee……… mee maal godheen irraanfachuu danda’a? Ani nama akkasumaan nama jaalatu miti. Mucaa kana duubaaf fuuldurasaa ilaaleen waadaa jireenyaa, jaalala waliin jalqabe. Waadaa anaaf gales cabsuu isaa hinagarre, hindhageenyes. Kan ijakoo duraa dhokates jireenyi itti tollaan miti. Fira jireenyi itti tole, kan gaafa rakkinaa itti baqatanis, akka hinqbne natti himeera. Jaalalleekoo libsuu ijaaf na 119 hinamanne, kan waanan kufee cabu itti fakkaatee akka hanqaaquutti na kunuunsu, waanumti na irraanfachiisu eessa jira? Yoo lubbuun kan jiru ta’e bosonatti galee bineensatti firooma. Deemeen bineensa lagaa waliin bosona keessa isa barbaada. Yoo du’eera ta’es deemeen uffataaf lafee isaa bosona keessa barbaada. Kanaan ala furmaanni na boqochiisus ta’e, kan garaa na kutachiisu natti hinmul’atu” jette, Kuluuleen. Akkuma barte imimmaan dhangalaasaa. Haadhas garaan raafame. “Kuulleekoo……. Jaalala mucaan sun si jaalatu, dhugumaan akka ati jettu yoo ta’e, numa wal agartu_ yoo lubbuun jiraateef. Yoommoo kan lubbuun hinjirre ta’e, waaqxi lubbuu isaa haa maaru. Atis kan rabbi waliin buddeena nyaadhu siin jedhe hindhabdu. Kanaafuu, kan lubbuun jiru yoo ta’e jilbeeffadhuu waaqaan kadhadhu, waaqayyo dhugaa gargar ba’e walitti suphuu beeka. Teessee yaadaan ofjoonjessuu dhiisiiti, amanamummaakee rabbi waliin eeggadhu” jedhanii morgaa jaalalaa onnee ishii jabeessani_ harmeen Kuluulee. Yaada furmaataa asiin fidanii, achiin baasanii osuma dhaqaa gala odeessanii, Kuluuleef haati Kuluulee jaarsa dubbisanii baadiyaa Coomman irraa gara magaalaa Finca’aatti deebi’anii galan.
Boqonnaa Kudha Sadii
Dargaggoon Amboo irraa dhufee obbo Taaboriin iyyaafatu kunis, akkuma nama maraatee magaala Kilbee keessa olii gad kaate. Anis suuqii xiqqoo tokko jala taa’een sochii dargaggoo kanaa haalaan hordofe. As fiigee, achi fiige. Homaa iyyaafatus, mana obbo Taabor argachuu hindandeenye. Nama halaalatti arges ittuma fiigee gaafata. Nama argeera jedhu miti, nama beekna jedhullee dhabe. Ammas osuma asiif achi fiiguu fagootti na argeeti, garakootti dhufe. Nama gara biraa na see’e. Yeroo ana bira ga’u akka duraan na gaafateeru bare. Waan jedhus wallaalee callise. Nama iyyaafataa jirtu sana argatteey? jedheen gaaffe. Fuulli isaa duraaf ammaa natti jijjiirame. Nama hedduu aare fakkaata. “Lakkii….. aboo argachuu hindandeenye. Ija haadhashii gadi. Lubbuu du’a hinoolleef akkas naan taphatti” jedheeti, osoo hinsee’iin jireenya isaatti dheekkamee koomeerra gad quuphane. Ati bakka biraatii dhufteey? Maali, maaltu siqunname? Nagaa mitii? jedheen itti siqe. “Nagaa maaltu jira aabbee……… hamma foon uffannee deemnutti lafti kun baay’ee ulfaatti. Osoo bulchiinsi nama akka harreetti bulchan kun jiruu jiraachuun rakkisaadha” 121 jedheeti, ilkaan ciniinnatee, aarii guddina osoo hidhii ofirratti nyaatuu quba harka isaa raase. Yeroon ka’umsa aarii isaa dubbii isaarraa ciicadhu, bakkan taa’uu olka’een itti siqee taa’e. Obboleessoo…..waan fedhes ta’u akka kanatti of hinmuddiin. Iyyaafattee argachuu dandeessa. Garuu maal taate? Mee ifatti natti himi jedheen, suuta suuta miira aarii isaa fayyadameen, waan ta’eef ta’aa jiru, kan inni biraa dheessee dhufe isarraa dhaga’e. Anis hamma ta’e, seenaa biyyaa na baasee na joorsaa jiru kana osoo hin yaadiin gurra buuse. “Ani maqaankoo…… Jaagamaa naan jedhan. Siin eenyu siin jedhu?” jedhe. Anis, Jaawwaraa naan jedhan jedheen itti hime. Jaagamaanis anaaf, anis Jaagamaaf miiltoo deemsa kaayyoo fincila diddaa gabrummaa waliif taane. Kaayyoo haaraas wal hinfudhachiifne. Kaayyoo duraan qabnus wal hindhiisifne. Kaayyoon keenya lachuu osoo nuyi wal hinbeekiin walbeekee tokko ta’eera. Haala jirus hedduu waliin mari’anne. Nulachuu akkuma kaayyoo keenyaa tokko taane. Waan waaqayyo hiriyyaakoo Tokkummaatiin afaan allaattii goodaa haroo Finca’aa keessaa baasee na cinaa buuse natti fakkaate_ Jaagamaan. Eessaa ka’ee garamitti akkan deemaa jiru, maaliif akkan deemaa jiru, kaayyookoo imala gara Baha Oromiyaa, si’an Jaagamaa taphachiisu, innis nama qofaa ture waan ta’eef filannoo humna dabalachuu kanatti hedduu gammade. “Jaawwaraa……ijoolleen Amboo dhiira garaa tiiraatiim. Namuma xiqqoo nurra wayyu, kan hubannoof qabeenya qabu 122 dhabne malee silaa waan baay’ee gooneerra ture. “Walqixxeen bishaan harkaa walii hinbuuftu” akkuma jedhamu, osoo gurmuu qabnuu nama cimaa tokkummaa keenya eegu waan dhabneef, yeroo baay’ee har’a gurmoofna bor bittinoofna. Yoo gara Harargee deemne rakkoon kun hinjiruu laata? Waan quba qabdu qabdaa?” jedhe. Lakkii……. Wanni quba qabullee hinjiru. Garuu, dhiira akka gingilchaatti nyaphaaf finna calalee, akka qamadiif ingirdaadaatti fo’udha jechaa dhagaheera. Namni yookaan gurmuun tokkummaa hinqabne yoomillee akkanatti gingilchuu hindanda’u. Kanaafuu, deemnee gurmuu saba keenyaa kanatti makamuu qabna. Naannoo oromiyaa hundattis babal’isuu qabna jedheen, kan natti fakkaate itti deebise. “Dhugaadha Jaawwaraa… nyapha calaluun dhugaatti bu’aa tokkummaa gurmuuti. Garuu Oromiyaa keessaa lafti tokkummaan haalaan lafa ejjette waan jiru natti hinfakkaatu; yoo seenaa durii ta’e malee. Kanaafuu, saba Oromoo waaqni dhiigaan tokko godhe, aniif ati immoo yaadaan tokko gochuuf kutannee yoo kaane wanti nu daangessu tokkollee hinjiru. Yoo jiraates, dhugaa waan qabnuuf waaqnillee nu gargaara. Sammuu tokkummaatti amanu yoo qabaatte, hamma ciminakee kan mul’isu, lafa Oromiyaa hunda irra deemtee odeessitee akka namni waa’eekee odeessu gochuu osoo hintaane, lafa oromiyaa hundarra nama akkakee tokkummaatti amanu oomishuudha. Kun immoo kan ta’u, gurmuu ijaaramu kam keessattuu waa’ee oduu tokkummaa odeessuun yookaan gorsuun qofa miti, gochaa tokkummaa gochuun malee. Akkaataa itti gochaa tokkummaa barataniif barsiisan yoo nuuf mijachuu baatemmoo maanguddoo Karrayyuuf Booranaa deemnee gaafanna. Isaan lachuu, 123 seenaa keessatti, hamma dhiyoo kanaatti rakkoo tokkummaa dhabuutiin hamatamanii hinbeekani. Tokkummaa isaanii Oromoota maratti babal’isuuf haalaaf karaan yoo isaan daangessellee, bakka jiranitti qaawwaa walitti hinbanne. Diinnis gaalas ta’e looniif re'ee isaanii fudhattee haftee hinbeektu” jedhe_ Jaagamaan. Jechi miiltoonkoo gubattuun gaanfuree Amboo dubbates, seexaa keessakoo jabeessee horde. Tokko dubbataa, tokko dhaggeeffataa, haasaa ejjennoo nama jabeessu erga waliin taphannee, kaanee gara handhuura oromiyaa Finfinneetti qajeelle. Finfinnee bullee, ganamaan kaanee buufata konkolaataa biyyoolessaa deemne. Konkolaataa magaalaa Harar korree gara Harargeetti kunne. Naannoo sa’a tokkoo erga deemnee booda magaalaa Bishooftuu geenye. Nulachuu Finfinnee darbinee deemuu miti, magaalaa Finfinnee illee kan beeku miiltookoo Jaagamaa qofa ture. Ana qofaas miti, namoonni oromoo oromiyaa hedduun Finfinnee hinbeekani. Osoo hinbeekamiin odola addaa taateetti_ orma tajaajiluun. Hafteen hambaalee duudhaa eenyummaa saba Oromoo mul’isanis magaalaa Finfinnee keessatti tokkollee hinmul’atani. Kanaaf ture, lafa magaala geenyetti, imalaa nu cinaa taa’u waamnee gaafanna_ magaalli nuyi geenye maal akka jedhamu. Namichi nu cinaa taa’ee gara Harargeetti imalaa jiru kunis, daldalaa jiraataa magaalaa Dadariiti. Sheeh Abdullaahii jedhama. Sheehuu…. magaalaan kun eenyu jedhama? jennee gaafanne. “Ka amma keessa kutaa jirru kun Bishooftuu je’ama. Isin lachuu karaa kana dhuftanii hinbeektanii?” jedhe, Sheeh Abdullaahiin. 124 Eeyyee… karaa kana dhufuun keenya yeroo jalqabaafi jenne. “Haaya….. rakkoon hinjirtu…. Walumaan yaana” jedhe. Osuma foddaa konkolaataa irraan Xaafii Ada’aa Liiban marxamee ciisu bitaaf mirgaan daawwannuu Moojoo biraan baane. Moojoos qaxxaamurree osuma gamaaf gamanatti magaalaa Adaamaa arguuf ija babaasnuu, takkaallee halaalatti osoo hinargiin tabbarraa gad ofjalatti agarre. “Ijool…. Hinmukaa’iinaa… kunoo Adaamaa kan je’an kana. Magaalaa ho’ituudha. Daldalli akka malee keessatti daldalama” jedhe Sheehuun. Konkolaataanis gara mana nyaataa tokkootti nu geessee, naannoo ‘Amadee Sefer’ jedhamutti, “wureduu… wureduu…. Haayaa daqiiqaa aallachu. Fexen fexen bilaachuu qurs biluu” jedhe gargaaraan konkolaachisichaa. Nus silaa eessa beeknaay, eessa dhaqnee mana nyaataa filannaa miti, mana nyaataama nu biraa sana seenuuf gad buune. Yeroo nuyi konkolaataa irraa buunu, Sheeh Abdullaahiin nu duuba dhufee, “ijool…. kottaa…. ciree nyaannee ifirraa dachaana” jedhee harka nu qabee olseene. Cirees waliin nyaannee kaanee harka dhiqanne. Durumaanuu ani qarshii homaa of harkaa hinqabu. Miiltoonkoo Jaagamaan gatii ciree kaffaluuf jecha qarshii gad baase. “Aboo ifirraa deemikaa…. Niin kafala” jedhe sheehuun. “Lakkisaa…. Homaa miti ani nan kaffala sheehuu” jedhe Jaagamaan. 125 “Aboo maal taate mucaa….. narraa usikaa… niin kafalaan je’e. Isin keessummaa bar…” jedheeti gatii nyaata ciree keenyaa sheehuun nuuf kaffale. Gochaa tokkummaa ittiin cimsan keessaa, waan qaban waliin gahuu kanas taajjabuu qofa miti ajaa’ibsiifachuu jalqabne. Ciree keenya nyaannees gara konkolaataatti dachaane. Imala keenya itti fufne. Adaamaa keessaa baanee, Walancitii dabarree akkuma yeroo murtaa’e deemneen, ijoollee mataan isaanii muka rigaa qarqara lagaa fakkaatu, faaqqee itti diratanii, ilkaan cabbii fakkaatu rigachaa, daandii cinaatii gaala tiksan agarre. Ijoolleen sunis, ijoollee dhala qeerransaa, goofaree filatanii aadaa oromummaan dhaadatan ilmoolee Oromoo Karrayyuuti. Osuma Jaagamaaf Sheehuu waliin taphataa deemnuu, haroo dambaliin isaa ol utaalee akka qaccee dhuka’utti baane. Sheehuu….. bishaan akkanatti ka’ee ol ijaajju kun maali? jenne. “Kun haroo Basaqaa je’ama. Qabeennuma keenya” jedhe, sheehuun. Anaafi Jaagamaanis osuma badhaasa uumaa kana raajeffataa deemnuu, gidduutti yaadni ana fuudhee bade. “Maali Jaawwee…… asumatti na dhiistee waan fagoo deemte fakkaatta” na jedhe Jaagamaan. Anis yeroo yartuuf yaadaan ofduuba deebi’ee si’an xiinxalu, jaalala ijoollummaa isan jalqabee xumuruun Tulluu Diimtuu koruu natti ta’e of fuuldura naqe. Waanan duraan ofkeessa dhoksee miixachaa ture, yeroon deemsa konkolaataa kachamaalee ilaalu, sekoondiif daqiiqaa konkolaataan 126 deemutti fageenya kilometira dhibbaan lakkaa’amurra darbee kan kumaan lakkaa’amuun jaalalleekoo osoo hinjaalatiin adda irraa ba’e irraa fagaachaa akkan deemu natti mul’ate. Garaankoos na raafame. Mul’anni deebi’ee jaalalleekoo Kuluulee arguuf qabus anatti dukkanaa’e. Karaan wal arguu keenyaa yoo anatti dukkanaa’es, Kuluulee irraanfadhee shamarra biraa waliin jaalala jalqabuun yookaan bultii ijaaruun anaaf abjuu ture. Deebi’ee ishii hinargadhu taanaan, hireenkoo dhalatanii karaatti hafuu ta’ee natti mul’ate. “Namni dhaloota hinbadu; erga dhalatee bada malee” inni jedhamus dhugaadha. Jaalalli Kuluulee abdii jireenyakoo biyya lafaa ta’ee jalqabe, har’a fageenya lafa kilometira hamma kanaa fagaatu irrattillee kaayyoo bultoo jaalalaa miti, kaayyoo fincila diddaa gabrummaallee akka ani fiixaan baasuu hindandeenye na gaadi’e. Kuulleekoo…… amma dhuguma sirraa fagaachaan jiraay? Siin ofduubatti dhiisee garamittan deemaa jiraa? Maaloo waaqa jaalalaa…….. jaalalleekoo osoo deebi’ee guyyaa tokkoof illee ija ishii nan agarsiisiin ana hinajjeesiin jedhee, osuman garaakoo keessatti imimmaan jaalalaa lolaasuu, kachamaaleen Finfinnee nu fuudhe, Ciroorra nu qaxxaamursee Harariin nu galche. Gidiraafi yaadni, jaalala Kuluulee dhabuun sammuu na dhiphisee, halkaniif guyyaa hirriba na dhorke kanas, hamma ta’e hiriyyaakoo Jaagamaa taphachiise. “Miila lama qabaataniif muka lama hinkoran” akkuma jedhamu, yaadnikoo bakka lamatti qoodame. Tokko saba Oromoo keessatti tokkummaa ijaaruu, tokko immoo jaalalleekoo deebi’ee arguu, jedhee waan qabuuf dhiisu ana wallaalchise. 127 Jaagamaanis humna laafe. Asii gaafa Jaagamaan mudhukaa’u, achiin ani waa’ee Kuluulee yaaduun dabala. Akkanumaan osoon yaada lama ari’uu, Harar irraa Dadaritti, Gaara mul’ataarraa Qarsaatti, Hirnaarraa Haromaayaatti, Galamsoorraa Baddeessaatti, Baddannoorraa Cirootti olii gad qaxxaamurree, Harargee Bahaa hanga Lixaatti waliin geenye. Humnas hamma ta’e horanne. Osuman yaada Kuluulee yeedalaa deemuu yeroo xiqqoo boodas, Harargeerraa Baaleetti kunne. Naannoo bakka dhaloota weellisaa leenca Oromoo Umar Suleeymaan, Gindhiir keessa qaxxaamurree, konkolaataa muka fe’u irra keessa korree karaa Daawwee Sarar somaalee keessa baanee Boorana geenye. Akkuma magaalaa Yaa’a Bal’oo geenyeen yeroo yartuun booda Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaa waliin wal barre. Erga wal barrees suutuma suutaan waan baay’ee waliin taphanne. Abbaan Gadaa kunis baay’ee nutti gammade_ kaayyoo keenya dhagahee. Ijoollee fooraa waliinis wal nu barsiise. Qabee qabannee loon fooraa duuba yaanee aannan unachuus jalqabne. Akkuma biyya keessa baruu eegalleen, faana keenya babal’ifanne. Ijoollee fooraa waliin yaanee, gaafii gara Meeggaatti, gaafii gara Taltallee, gaafii gara Dilloo, gaafii gara Borbor, gaafii gara Moyyaalee, gaafii immoo gara Areerooti sosocho’uu jalqabne. Guyyaa tokko Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaa waliin gara gabaa Bakkee yaane. Gabaa Bakkee jechuun Boorana keessatti gabaa guddaafi beekamaa bakka itti loon gurguramanidha. Waan nama ajaa’ibu garuu, namni duraan argee hinbeekne yookaan odeeffannoo gabaa kanaa dhagahee hinbeekne, gabaa Bakkee gaafa argu waan loon addunyaa kanaa achitti wal ga’an se’a. Loon miti, konkolaataan loon 128 gara adda addaatti fe’uuf dhaabbatanillee dhibbaan lakkaawamu. Gabaa Bakkee cinaa teenyee, Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaa waliin osoo taphataa jirruu, dargaggoon lama dhufanii Abbaa Gadaa kana gad jedhanii dubbisan. Silaa Boorana keessatti namni Abbaa Gadaa hinkabajne nama waaqaan beeku hinse’u. Jaarsi araaraa, dheekkamsa waaqaafis ta’e, gaaffii kennaa hiree rabbii saba Oromoof waaqa gidduu deddeebisu, Abbaa Gadaafi waahiloota isaati_ maanguddoota Booranaa. Roobi jedhanii roobsuufis, caami jedhanii caamsuufis, waliigalteen isaan waaqa waliin qaban kan ganamaa kaasee dhufedha. Kan karaa irraa gore_ nama safuu wallaale, yoo deebi’eef garalaafinaan gorsuu beeku. Yoo didee garaa jabaatee safuu tarkaanfates, abaaranii gogsuu beeku. Waan Abbaan Gadaa afaanii baasan osoo oolee hinbuliin raawwata. Abbaan Gadaa, waaqa ulfeessuuf kabaja seera uumaa jalatti kan muudame malee, akkafeeteen kan namni karadeemaan nama muudu miti. Karadeemaanis akkanumaan kan muudamu miti. Seera cimaa qaba_ sirna gadaa. Dargaggoon lamaan Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaa dubbisan kunis, maqaa nuuf himanii nuun walbaran. Tokko Mallicha Liiban jedhama. Inni biroon immoo Gaaloo Halakee jedhama. Gaaloon qal’aa huuqqataadha. Yeroo taphatus nafa nafa dubbata. Dubbiin afaan isaa keessaa ba’us akkuma dammaa namatti mi’aawa. Mallichi immoo hedduu hintaphatu. Callisuu jaalata. Waan hedduu taajjabnee dinqisiifachaa gabaa Bakkeetii gara Yaa’a Bal’ootti Abbaa Gadaa duukaa deebine. Erga gaafa gabaa Bakkee oollee gara Yaa’a Bal’ootti deebinees, yeroo baay’ee Abbaa Gadaa kana bira deemnee waliin taphanna. 129 Akeekaaf deemsa keenyaafis gaggeessa isaanii gaafanna. Har’as akkuma durii, osuma gara mana Abbaa Gadaatti galgalaan deemaa jirruu, nam ta’e tokko dugda duubaan dhufee nu tuqe. Ofirra garagallee yeroo ilaallu nama nuyi beeknu fakkaachuu dide_ yeroon isaas sursura galgalaati. Magaalli Yaa’a Bal’oos ibsaa daandii irraa waan qabudha jechuuf haga kana kan ija nama jabeessu miti. Callisnee ija keessa isa ilaalle. “Oriyaa…… maali namana…. Na dagattanii? Galchumni nagayaa mii? An niin qaabadha, gaaftokko walbarree ture” jedhe. Dhiifama…. ati Gaaloo natti fakkaatta jedheen, nu lachuu harka isa fuune. “Eeyyeen… qarallee akka isin lachuu ana dagattan beekeera. Waan cufa akka arganitti hin yaadatani. Homaa miti…. waan dhibii illee akkanatti hindagatiinaa” jedhe Gaaloon. Akkam Gaaloo…. Jireenyi gaariidha mitii? jenne. “Jireenyi badhaadha. Wanni cufti dansa. Rakkoon tokkollee hinjirtu” jedhe. Xiqqoo daandii gubbaa dhaabannee Gaaloo waliin taphanne. Nagaatti wal jennee addaan deemne. Mana Abbaa Gadaa Guyyoo Duubaas dhaqnee manaa isaan dhabne. Ilma isaanii angafaa Dooyyoo waliin xiqqoo taphannee ofirra dachaane.
Boqonnaa Kudha Afur
Kuluuleenis, erga gaafa haadha ishiitti himtee, keessi ishii isa dur caalaa jeeqame. Rakkooshee kana furuuf haati ishii ga’ee isaan taphatanis tokkollee hinturre. Garuu haati ishii, Kuluulee caalaa aariidhaan fuula badaa dhufani. Abbaan Kuluulees jinnii mana sana keessa seene wallaalani. Olseenanis, gad ba’anis akkuma nama maraatee ofitti gumgumaa deemu. Osoo yaadni maatii kanaa callee kirriin citte ta’ee jiruu, qormaanni Kuluuleen qoramtee eegaa turte dhufe. Ishiinis qormaaticha darbitee gara yunivarsiitii Finfinneetti ramadamte. Yeroon waamichaas ga’ee gara yunivarsiitii deemte. Barnoota yunivarsiitiis erga calqabdee guyyaan bubbuleera. Erga gaafa mooraa yunivarsiitii seentees, alatti baatee gaaftokko shaayee dhugdee hinbeektu. Yunivarsiitiin isheen itti barattus mooraa/kaampaasii kiiloo jahaa ture. Yeroo baay’ee kan ishiin itti boqottus, mana dubbisa kitaabaatti. Akkuma aadaa barattoota yunivarsiitii keessaa baraa dhufteen, yeroo tokko tokko mana ciisichaa (dormitory) keessaa gad baatee, bakkee teessee waan hunda taajjabuu jalqabde. Barattoonni yunivarsiitii hedduunis, yeroo baay’ee kaan mana dubbisaa turee, kaan bashannana magaala turee, kaan muraasni immoo waan bishaan biqilaa kana jaamboo tokko lama fudhatee yeroo deebi’u, naannoo halkan sa’atii 131 sadii eegalee, shamarriif dhiirri lama lama ta’anii, naannoo yeroo durii galma mooticha Haayilasillaasee ture cinaa, kan yeroo ammaa ‘Bag Taraa’ jedhamutti wal qaxxaamuru. Hunduu karuma karaasaa afaan keessa wal xuuxaa, gara naannoo ‘kiisiing puul’ jedhamuutti basha’u. Tokko gararraa, tokko gajjallaa, tokko cinaa taa’anii bishaan akka burqaa waaqatti danfu marsanii jaalala waliif lolaasu. Kuluuleenis yeroo hedduu qofaashee duuba duuba deemtee, ija ija keessa ilaalaa ta’ii ta’u taajjabdi. Hiriyyaa akkasitti yunivarsiitii keessa waliin bashannantu dhabuun ishiis yeroo hedduu sammuu ishee dhiphisa. Yeroo mara gaafa akka tasaa gad baatee barattoota naannoo dirree dhungoo (kissing pool) jedhamu bashannanan kana agartu, ol iddoo ciisicha (doormii) ishiitti deebitee golga ishii (tension box) jala galtee imimmaan harcaafti. Kuluuleen bareedina yookaan bifa hiriyyaa ishiif argus hindhabne. Garuu, garaa ana Jaawwaraa irraanfatee nama garbiraa kajeelu dhabde. Kan ishii boossisus, hiriyyaa waliin bashannantu dhabuu qofa osoo hintaane, hiriyyaa ishii akka lubbuutti jaalattu kana argitee waliin bashannanuuf illee abdii isheen fuulduratti qabdu dukkana roobaa waan itti ta’eefi. Akkanumaan osoo hiriyyaa lama ta’anii deeman ilaaltee boossuu, turtii waggaa afurii keessatti osoo guyyaa tokko hingammadiin barnoota yunivarsiitii Finfinnee xumurte. Gaafa ishiin eebbifamtus barattoonni shamarraa hiriyyoota ishii hedduun, ija maatii eeggatee kan abaaboo diimaa hinfudhanne hinturre. Hunduu fuulli ilkaan fakkaata. Kuluuleen garuu abaaboo lama kan haatiifi abbaan ishii biyya irraa dhufanii kennaniifii qofa baattee suura ka’aa turte malee, dargaggeessi abaaboo diimaa itti hiixate hinturre. 132 Gaafa Kuluuleen eebbifamtee galtus, qe’een maatii Kuluuleefaa mana cidhaa fakkaata. Ollaan dallaa mana isaanii keessa akka kannisa waabee wal qaxxaamuru waan ajaa’ibaati. Kaan asii cooma mura, kaan achii booka una. Hunduu ol utaalee gad utaalee ingisheef emmoolee sirba. Ollaan gamaa gamanaa walitti yaa’ee, booka isaa quufee geerarsatti ka’e. Asii dura bu’e, achii jalaa qabani, kuun abbaa faarse, kuun haadha faarse, kuun biyya faarse, kuun hiriyyaa abaare, kuun waaqa komate. Kaanis keessa gugatee quuqqaa garaa isaa ofirraa diddigse. Yeroo geeraranis, namni hunduu ‘xis ximbis’ hinjedhu. Callisee geerarsa dhiiraa dhaggeeffata. Kuluuleen garuu geerarsa kana dhaggeeffattee xumuruu hindandeenye. Geerarsi namoota quuqqaa qaban tokko tokkoo, namuma quuqqaa hinqabneyyuu garaa booressa. Osoo kunis dhufee, sunis dhufee itti marmee harka fuudhuu, ‘tuf’ jettee gola seente. Gola ciisicha ishii waggaa afran kana bo’ichaan keessaa baate, har’as osoo namni gammachuu eebba ishii dhiichisuu bo’ichaan itti seente. “Jaawweekoo……. Maaloo……. Maal ta’a yoo bineensi si nyaate waa natti dhaame. Injirtamoo duuteetta laata? Maal qaba osoo waaqayyo gaafa gammachuukoo kana altakkaa qofaaf na biraan si baase. Moo gammachuukootu siif gammachuu miti? Maaf na gubda jaalalleekoo… kunoo eebbifameen jira, waadaa naaf galte maalirra keesseree? Maaf gara na ilaalchiftaa…… sin eegamoo sin darba laata….” jettee gadda anaan ofbiraa dhabuutiin waaqayyotti boosse, gola ciisicha ishii keessa jilbeeffattee. Kuluuleen bara dhufee darbu gaddaan haguugamte. Dubartiin akka dhiiraa, har’a gaafa bu’aa dhama’a ishii waggaa dheeraa 133 gaachanaaf faacha digirii baattee galtus, sammuun ishii furmaata boqonnaa hinarganne. Dhiichisni gammachuu eebbifamuu ishiis xumurame. Kuluuleen kaleessaaf dheengadda barattuu jedhamaa turtes hafe. Hojjettuu mootummaas taatee godina Lixa Wallaggaa, aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandiitti qacaramte. Magaalaan Mandiis biyya jiraachuuf filataman keessaa ishii tokkodha. Sabboonummaattis ta’e qabeenyaan mudaa hinqabdu. Maatiin Kuluulees jijjiirraa hojiidhaan magaalaa Finca’aa irraa gara magaalaa Gimbiitti galan. Kuluuleenis yeroo hedduu Jimaata galgalaa hanga Dilbataatti guyyaa boqonnaa ishii maatii ishii bira Gimbiitti dabarsiti. Garuu hamma ammaatti iyyuu yaada ishii hinjijjiirranne. Mandii bakka hojii ishiittis, Gimbii bakka jireenya maatii ishiittis waa’ee hiriyyaa biraa qabachuu gaaftokkollee yaaddee hinbeektu.
Boqonnaa Kudha Shan
Anaafi Jaagamaanis guyyaa tokko akkuma tasaa osoo magaala Yaa’a Bal’oo keessa deemnuu, intala hojjettuu mootummaa taate tokko waliin wal barre. Ishiinis erga yunivarsiitiitii baatee hojiitti qacaramtee waggaa tokko kan hincaalle akka ta’e nu taphachiifte. Yeroo baay’ee gara waajjira mana hojii ishiitti si’a deemtus, si’a galtus qofaa deemti. Hedduu waan nama Booranaatti madaqxe hinfakkaattu. Dubbii buddeenaa ta’ee carraan hojii waan ishii fideef malee, naannoo bakka dhaloota ishii irraa fagaattee deemtee hinbeektu_ gaafa yunivarsiitii Finfinnee deemte malee. Intalli kunis maqaan ishii Warqee Kitilaa jedhamti. Kan dhalattee guddattes, godina Lixa Shawaa bosona Cillimoon achi , naannoo Ginda Barat jedhamutti. Erga wal barrees yeroo tokko tokko walitti adeemuu jalqabneerra. Jaagamaanis mucaa Amboo ta’ullee, dhufaatiin maatii abbaa isaa Ginda Barat akka ta’e ishiitti hime. Warqeenis nama naannoo ishii argachuu ishiitiif baay’ee gammadde. Namni yeroo hedduu lafa deemetti, hojiinis haa ta’u daldalaan, nama naannoo bakka dhaloota isaatti akka gammadu kan godhu garuu maal akka ta’e anaaf gaaffii deebii hinqabnedha. Ati achii dhufte. Innis achii dhufe. Isheen asii dhufte. Ani iddoo akkasiin dhufe, jedhanii wal gaafachuunis ta’e wal baruun 135 barbaachisaa ta’ullee, namummaafi eenyummaa nama tokkoo ibsuufis ta’e baruuf garuu haala lafa naannoo namni tokko keessatti dhalatee guddate malee, lafti yookaan bakki itti dhalatan hidhata hinqabu. Waan fedhes ta’u, Warqeen har’a nama naannoo ishii argatte, “waliin galle malee du’een argama” jette. Nuyis tole jennee duukaa ishii galle. Shaayee nuuf dhaabdee, mana keessa oliif gad kurkurte. “Warqee….. kottu taa’i malee…… maal hojjechaa jirtaa?” jedhe Jaagamaan. “Lakkii…. homaa miti. Jedhaa… taphadhaa” jette. Cilee shaayee irratti nuuf dhaabaa jirtu alatti gad baastee, waan nyaatamu hojjechuu jalqabde. Gidduumatti oldeebiteeti, “mukooftanimoo Jaagamaa….” jette. “Lakkii…… taphataa jirraam” jedhe. “Mee hagan waa hojjedhutti aalbamii isin afeeruu?” jetteeti, aalbamii suuraa mataa dura siree ishiitii luqqistee nu jala keesse. Anaafi Jaagamaanis fuula jalqabaa irraa kaasee yaada qalbiin suuraa aalbamii Warqee daaw’achuutti kaane. Suurris gosuma gosaan toora galee nam’eera. Jalqabarratti suuraa ijoollummaa ishiitti maatii waliin kaateettu daawwanne. Takka osoo jabbilee yaastuu, takka osoo taphattuu, takka osoo haadha ishii dhungattuu kan ishiin kaateettu malalchiifanne. Ani osoon du’eyyuu suuraa ittiin naaf boo’anillee kan maatiinkoo argatan natti hinfakkaatu. Guyyaan itti suuraa ka’es hin yaadadhu. Baadiyaa keenyas namni suuraa kaasu 136 dhufee hinbeeku. Itti aanees, isa yeroo dargagummaa barattuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turte, kan hiriyyoota ishii waliin kaateettu suuraa hedduu daawwanne. Isa gaafa wal gaggeessaa xumura qormaata kutaa kudha lammaffaa dabalatee. Gara dhumaattis, suuraa hedduu babbareedan kan magaalaa Finfinnee bakka adda addaatti hiriyyoota ishii waliin kaateettu ilaalle. Osuma suuraa ishii kan gaafa eebba ishii kaateettu daaw’annuu, suuraa baay’ee bareedu tokko kan dallaa horsiisa leencaa naannoo kiiloo jahaatti argamuutti ka’aniiran hedduu mararsiifanne. Hiriyyoonni ishii hundis ilkaan cabbii fakkaatee ala jira. Kaan hidhii sararee, kaan nyaara kuullatee, hunduu abaaboo birraa caalaa ifu. Keessaa garuu tokko faara baddee duuba isaanii ijaajjiti. Fuulli ishiis sirriitti adda hinbaafamu. Ammas fuula aalbamii tokko garagalchinee yeroo suuraa biraa ilaallu, intalli faara gubdee duuba dhaabataa turte sun, suuraa isa lammaffaa irratti fuuladuraa ifatti mul’atti. Ishiinis Kuluulee jaalalleekoo ishii onneenkoo baroota dheeraaf dhiiga boossuuf turte. Anis amanuu hindandeenye. Oljedhee ijakoo irraa haxaawwadheen ammas itti deebi’ee sirriitti ija qalbiin ilaale. Osoo ishii ta’uus, ta’uu dhabuus, adda hinbaasiin dafqi bobaa jala na yaa’e. Aalbamii takka dalgan qabe, takka ol qabe, takka gad qabeen, miilaa haga mataatti ilaale. Sirni hargansuukoo humnaa ol dabale. Dhiignikoo onnee keessatti wal mudde. Afuura baasee deeffachuun natti ulfaate. Taa’een ija babaase. “Dabarsi malee Jaawwaraa… hunda isaa ilaalla” jedhe Jaagamaan. Fuula aalbamii suuraa kanaa garagalchuun ajjeesee of awwaaluu natti fakkaate. Dafqi fuularra na xuruure. 137 “Maali Jaawwee ….. maal taate?” jedhe Jaagamaan. Akka rifachuus ta’e. Lakkii…… homaa hintaane. Mee Warqee waami jedheen akka ofirratti rom’uu ta’e. “Maali Jaawwaraa….. in si dhukkubaay? sirrii ta’aa hinjirtu bar…” jedhe. Warqeenis sagalee jabaa yeroo dhageessu, “maal taatani Jaagamaa” jettee alaa olseente. Mee as kottu Warqee…… shamarran waliin suuraa kaatan kun ijoollee eessaati? jedheen gaaffe. “Isaan kami?” jettee, aalbamii suuraa anaafi Jaagamaan gidduu keenyatti qabannee daawwataa jirrutti gad jette. “Ihii…… ijoolleen kun hiriyyootakoo yunivarsiitii Finfinneetti waliin dabarsinedha. Kunoo har’a buddeenni gargar nu mancaase, osoo hedduu wal jaalannuu” jette. Ammas tokko tokkoo suuraa isaaniitti quba qabdeeti, “kun mucaa Shaashamanneeti, maqaan ishii Suutumee Horaa jedhamti. Kun immoo mucaa Dambi Doollooti, maqaan ishii Leemmanee Wagii jedhamti. Ishiin kokkofaltuun kun immoo mucaa Jimmaati, Raabiyaa Abbaagissaa jedhamti. Ishiin nyaara guurteettu kun immoo mucaa Finca’aati, Kuluulee Yaadii jedhamti” jettee, osoo ishiin maqaa Kuluulee afaan irraa hinfixatiin, buusaan qaamakoo hundi damma bishaan seente na ta’e. Dubbachuus hindandeenye. “Intala kana jechuun, hiriyyootakoo keessaa nama akkasii argee hinbeeku. Waggaa afur guutuu guyyaa tokko ilkaan ishii saaqxee hinbeektu. Guyyaa tokko tokko immoo gad 138 baatee deebiteema olgaltee boo’icha irqinfatti. Maal akka ishiin gadditu hinbeeku. Yeroo hedduu karaa baay’ee yaaleen dadhabe, maal akka ishiin gadditu baruuf. Garuu yeroo gara dhumaa eebbifamuu jala geenye, hiriyyaa ishiin ijoollummaatii kaastee yeroo jalqabaaf jaalatte tokko du’aaf jiraan isaa osoo hinbeekamiin akka lafa buuteen isaa wallaalame xiqqoo natti himtee ture. Baay’ee na gaddisiisti. Erga eebbifamnee gargar baanees, eessatti akka hojii argatte quba hinqabu. Garuu hiriyyootakoo keessaa akka ishii kanaa kan garaa na nyaatu hinjiru” jettee, waa’ee eenyummaa Kuluulee bara barnoota yunivarsiitii Finfinnee osoo hinbeekiin gurra keessa na buuste. “Ishiin qarqaraa kun immoo mucaa Qobbooti, Seenaa Toofiq jedhamti” jette. Hiriyyoota ishii shanan kana maqaa isaanii nutti himtee raawwattee si’a ol jettee ija keessa nulaaltu, anaan lubbuun na keessaa ba’uuf mormatti na rakkatteetti. Mogoleen na mudhukaa’e. Jaagamaaf Warqeen lachuu hedduu rifatani. As na qabanii, achi na qabani. Qoricha na tuqe wallaalani. Dafqi hillee lamaaniin xuruuru qaama na tortorse. Mana yaalaa si geessina jedhanii, asiif achiin bobaa jala na qabanii qajeelan. Erga xiqqoo na deemsisaniin booda afuurrikoo natti deebi’uu jalqabe. Lakkisaa….. dhukkubnikoo yaalaa fayyaa hinbarbaachisu. Deebisaa manatti na galchaa jedheen sagalee xiqqoo dhageessise. Gaaddisa mukaa tokko jala na ciibsani. “Maali Jaawwee…….. maal taate…. Haadhookoo…. osuma nagaa deemtuu, maal mari’anneeti bakkeetti na gatuuf kaata?” jedheeti Jaagamaan imimmaan roobse. Jaagamaa ……sin gatu. Hinboo’iin. Kottu harkakoo na qabii ol na kaasi. Fayyaan jira, jedheen ciniinnadhee ka’ee oldhaabachuu yaale. Akka gatantaruu ta’een Jaagamaatti 139 hirkadhee ka’ee ijaajje. Xiqqoo afuurri natti deebi’e. Anis of jajjabeessuun yaale. Yeroo Jaagamaan uffata isaa baasee ittiin qilleensa natti afarsu xiqqoo natti fure. Jaagamaa…… osoo hinsee’iin na moo’ate malee obsuuf yaaleen ture. Intalli hiriyyaa Warqee Kuluulee jedhamtu sun, hiriyyaakoo ishii ani kanaan dura waa’ee ishii sitti himedha. Kanaafan sammuukoo wallaaluu barbaade malee waan biraaf miti. Dhiisi hinjeeqamiin, tasgabbaa’i. Amma fayyaan jira jedheen of danda’ee dhaabachuuf carraaqe. Warqee dubbiin bitaa gale. Jaagamaa garuu gaggabdookoo caalaa rifachiise. “Dhugaa waaqaa jechaa jirtamoo…. Jaawwee” jedhe. Eeyyeen …… dhugumakoon siin jechaa jira. Amma waan biraa dhiisiiti, akkamittiin akkan Kuluulee arguu danda’u Warqee wajjin mala naaf barbaadaan jedhe. Innis waan baay’ee Warqee qorate. Ishiinis seenaa jireenyaa bara barnootaa yunivarsiitii Finfinnee keessatti waliin dabarsaniin ala, eebbifamtee gara biyyaatti galuu ishii malee kana darbee waan ishiin beektu akka hinjirre itti himte. Jaagamaanis waan godhuuf waan jedhu dhabee yaadaan baay’ee jeeqame. Tirannee manatti deebinee waan baay’ee taphanne. Waan baay’ees mala furmaataa marii’anne. Anaafi Jaagamaanis guboo sochii fincila diddaa gabrummaa saba Oromoo jabeessinee luka lamaan lafa ejjechiisnee dhaabuuf adda baanee akka hafuu hinqabne irratti walii galle. Warqeefi Jaagamaanis, haalakoo erga hubatanii booda, deemee akkan Kuluulee barbaaddachuu qabu murteessani. Anis, Jaagamaa… jaalalleekoo barbaadee yoon argadhe, akeekakoof akeekakee kan ta’e tokkummaa saba Oromoo cimsuufi birmadummaa gonfachuu keessatti humna dabalataa 140 godhadheen deebi’ee garakee dhufa. Yoommoo osuman barbaaduu osoo jaalalleekoo hinargatiin aduun natti dhiite, adaraakee akkuma dubbannetti jabaadhuu guboo fincila diddaa gabrummaa saba Oromoo kana bakkaan ga’i, siidaa yaadannoo gootota bilisummaaf hobba’aniis tolchii dhaabi jedheen imimmaankoo lolaasaa biraa qajeele.Warqeenis qarshii hamma ta’e naaf kennite. Lachuu na eebbisanii, suuraa hiriyyoota Warqee, kan Kuluuleen keessa jirtu kana naaf kennanii, imimmaan cobsaa na gaggeessani. “Yoo waaqayyo jedhe jaalalleekee argattee gaaftokko akka deebinee wal agarru abdii guddaan qaba. Jedhii Jaawweekoo ……… karaan dugda handaaqqoo siif haa ta’u” jedhee, irqinfataa na biraa deebi’e, Jaagamaan. Anis konkolaataa Finfinnee koreen Bulee Horaa keessa qaxxaamuree, Diillaa, Hawaasaa, Shaashamannee, Baatuu, Maqii, Botee, Moojoo jedhee osuman magaalota lakkaa’uu, deemsa guyyaa lamaa booda Finfinnee ga’e. Bulees, barii lafaa ka’een konkolaataa koree galgala keessa naannoo sa’atii 9:30tti magaalaa Finca’aa ga’e. Magaala keessa deemeen abbaa Kuluulee_ mana Obbo Yaadii, iyyaafachuutti ka’e. Guyyaa lama sadii iyyaafadheen nama beekna jedhu dhabe. Gaafa guyyaa afraffaa waajjira mana hojii mootummaa magaalaa Finca’aa keessa jiru irra naanna’een Obbo Yaadii iyyaafachuutti ka’e. Ani kanaan dura gaaftokkoof illee magaalaa Finca’aa deemee hinbeeku. Osuman waajjira irra jooruu jaarsa maanguddoo tokkottan ba’e. Abbaa….. mana hojii kana keessa namni Obbo Yaadii jedhamu jiraay? jedheen gaaffe. 141 “Yaadii eenyuu jedhama?” jedhanii gaaffii ani dhagahee hinbeekne as garakootti deebisani. Maqaa abbaa isaanii illee hinbeeku. Garuu maqaan intala isaanii Kuluulee jedhamti jedheen itti hime. “Ahaa….. ahaa….. abbaa Kuluulee jechuun Yaadii Oljirraatikaa…… ishii intalli isaa yeroo tokko digirii eebbifamtedha mitii? Innoo waajjirri isaa as miti. Gubbana waajjira qonnaa keessa ture. Garuu, erga biyya kanaa jijjiiramee biyya biraatti galee waggaa lama afeera mitii?” jedhan. Eessatti jijjiiraman? jedheen ammas gaaffii itti dabale. Osoo imimmaan ijatti na guutee jiruu. “Lakkii…. garamitti akka jijjiiramellee hinbeeku. Mee dhaqii namoota waahiloota isaa durii waajjira isaa seenii gaafadhu” naan jedhan. Anis gara waajjira qonnaa Aanaa Abbay Coomman deemee yeroon iyyaafadhu, gara Gimbiitti jijjiiramuu isaanii dhagahe. Ammas abdii kutadhee hinteenye. Qarshii na harkatti hafte qabadheen kottee na baasi jedhe_ gara Gimbiitti. Finca’aatii ka’een Waayyuuf Gooban keessa darbee, Jaarsoo cinaatti dhiiseen karaa Geedoo goree, karaan waggoota torba dura miilaan yeroo ji’ootaan lakkaa’amu irra deeme, har’a konkolaataatiin darbeen guyyaa tokkotti Naqamtee ga’e. Karaa Shaambuu yoon gore jarri biyyaa na baasan sun qircaakoo hiratu jedheen sodaadhe malee, karaan achiin dhiyaata ture. Buufata konkolaataa magaalaa Naqamtee seenee osuma keessa hindeemiin, konkolaataa xiqqoon (minibus) tokko “Gimbii…..Gimbii….. Najjoo Gimbii….. Gimbii Najjoo…….. nama tokko qofaan kan 142 hir’ate. Nama ariifateeru……. Kan dafee qaqqabuu barbaadu” jedhee iyyee waame_ gargaaraan konkolaachisaa. Anis ‘xoph’ jedheen keessa bu’e. Durumaanuu iddoo nama tokkoo qofaatu hafeera waan ta’eef ba’uuf waan ariifate fakkaata. Konkolaachisichis kaasetta sirba Abbitoo Kabbadaa keessa nuuf galchee imaltoota bohaarsaa ba’ee qajeele. Haroo Sorgaa dabarree yeroo irraa gadee Diggaa qabannu, Abbitoon geerarsa kololaasuutti ka’e. “ Ilaalaamet yaa hiriyyaa Geerar geerar naan jedhaa Ani maalan geeraraa Anoo yaadan yeedalaa Namni yaada yeedaluu Akkamiin haa geeraruu Namni geeraree hinquufnee Goodaa biyyakoo jiraa Geerarii maal na gonfuu Goota garaatu hinobsuu Wallaallaan natti kolfuu Beeka maalan wallaalaa Deegaa allaatiitu awwaalaa 143 Akaawwiin midhaaniiree Beelofnaan nyaanne malee Haati ormaa gaariidhaaree Rakkannaan teenye malee Aayyookoo yaa sindidee Baga duuti si didee Harmee luuccaan wal maraa Akka muujjaa balbalaa Abbaakoo nyaara kaabbaa Si faarsus maalan gaabbaa Durattoo jabanakee Balbalaan si waamanii Boroodhaan sitti himatuu Ammammoo jabanakoo 144 Tokkoffaa na waamanii Lammaffaa in na ifatuu. Haadhakoo yaa suutumee Yommuu hirribni si qabee Teessee hinmugiini ciisii Yommuu garaan si nahee Natu maqaa si dhahee Deessee hinabaariin dhiisii Gurraaleef jedheen malee Maafan tulluu naanna’aa Booree birmaduuf malee Maafan lubbuutti haasa’aa Irraangadeen arreedaa Yaa gufuu nan dhahiinii Haadhaaf ilmoon ajjeesee Yaa cubbuu na hinga’iinii Rukuttaan ulee geeshee 145 Dirra namaa balleessaa Jechi nama gadheedhaa Biyyaa nama fageessaa Surree naannessan hidhaa Incitaa hin yaadda’iinii Tulluus naanna’een galaa Indu’aa hin yaadda’iinii Aayyookoo yaa aayyuleekoo Kutaakee dachaa fo’ii Yoon galeef ittiin koortaa Yoon du’es ittiin boossaa Inbade inbade jedhuu Eessa abbaakoottan badaa Qilxuun qirixe malee Mil’uun miliqe malee” jedhee gaafa Abbitoon geeraru, waan ta’e tokko garaatii na ka’e. Anis haalonni tokko tokko jaalalleekoo irraa fageessee, akka nama biyya hinqabnee joorsee na jaawwarsus “qilxuun 146 qirixe malee mil’uun miliqe malee” jedhee kan inni geerare, jaalalleekoo deebi’ee arguuf abdii na keessatti coologe deebisee lubbuu itti hore. Gochaan jooruuf jaawwaruu ani biyyarra naanna’aa tures, mil’uu hacuuccaa miliquuf akka ta’e ofduuba deebi’ee yaadeen ragaa ofiif ba’ee, of jajjabeesse. Yeroo kana egaa irraangadee Diggaa xumurree, magaalaa Arjoo Guddattuu dabarree bishaan laga Dhidheessaarra geenyeerra. Anis qalamakoo baaseen Mil’uu Miliquu jedhee waanan keessa darbe hunda barreessuu eegale_ konkolaatichuma keessatti mata dureen seenaa jaalalaa jireenyakoo waaqa biraa karaa Abbitoo naaf kenname. Joogir keessa darbee, gaara Abbaa Seenaa sabbata haadhaa fakkaatu, isa dur leenciif gafarsi keessa burraaqu har’a lafa jaldeessi basha’u ta’e qaxxaamureen gara Gimbiitti finxiriire. Gimbiis ga’ee konkolaataa irraa bu’e. Gimbiin magaalaa guddaa, daldalli bunaa Afraasaa hanga Birraatti, Bonaa hanga Gannaatti keessatti gaggeeffamudha. Akka magaalaa xixiqqoo, nama tokko iyyaafattee argachuun carraan isaa baay’ee dhiphaadha. Osuma olii gad deemee takka Kuluulee, takka abbaa Kuluulee_ Obbo Yaadii, iyyaafadhuu qarshii Warqeef Jaagamaan naaf kennan na harkaa baddu baate. Dubbiinis yeroo hunda qe’eef waajjira irra jooree Kuluuleef Obbo Yaadii iyyaafachuu irraa gara waan qoonqoo barbaaduutti hiramte. Silaa maal baradhee eebbifameeraayiin hojii nama baratee hojjedha, deemeen hojii guyyaa hojjechuutti ka’e. Gaafa boqonnaakoo immoo suuraa Kuluuleef hiriyyoota ishii qabadheen magaala keessa jooree iyyaafachuutti ka’e. Gaafii karaa Caancoo, gaafii karaa Gabaa Maalifuu, gaafii karaa safara maaramii, gaafii immoo 147 kara laga Somboo naanna’een iyyaafadha. Kaan suuraa na harkaa fuudhanii ilaalanii…….. “lakkii hinbeeknu” jedhanii natti deebisu. Kaan immoo suuraa na harkaa fuudhanii, na duraa fiigu. Akkuma daa’imaa na boossisu. “Maal mucaa joonja’aan kun. Nama barbaadanii arguun ulfaataa akka ta’e hinbeekuu. Isayyuu kan barmeeqaa iyyaafataa…. Yeroo darbes as karaa laga Gafaree deemee, dargaggoota konkolaataa miican gaafachaa ture” jedhanii muka qoosaa na taasisu. Magaalaa Gimbii keessattis Abbaa footoo jedhanii maqaa maatiinkoo hinbeekne naaf baasani. Namni magaala keessa deemu hedduun yeroo daandii irratti na argu, Abbaa footoo na jedha. Akkuma ‘qoraaliyoo’ ganamaa hanga galgalaa jooruunis mogolee na laaffifte. Hojii guyyaa kana sirriitti hojjechuufis humni na keessatti dhumaa deeme. Namichi to’ataa hojjettoota guyyaas, “ati hojii hindandeessu, waan qabdu fudhuu ba’i” jedhee, morma qabee hojii keessaa gad na darbate. Namni hojjetee galii argatu gaafa dhabu yookaan hatuu yookiis daandii irraa hambaa namaa funaanaa jiraachuun filannoo isaan gurguddoodha. Anis irree ittiin hatani miti, mogolee ittiin hojjedhullee waanan dhabeef, hatee jiraachuu filannookoo hingoodhanne. Kanaafuu, daandiirra oolanii buluun tokkicha filannoo jireenyakoo naaf ta’e. Akkanumaan gaafii lafa gabaa keessa, gaafii buufata konkolaataa keessa naanna’een mi’a imaltootaa gateettiitti baadhee lama buluu eegale. Garuu guyyaa tokkollee suuraa Kuluulee harkakootii baasee hinbeeku. Deemus qabadhee, ciisus ammadheen oolee bula. Feestaalii pilaastikaa itti mareen baadhee olii gad deema. Kuluuleenis isa yeroo dur torban torbaniin Mandiidhaa dhuftee Gimbiitti boqonnaa dabarsaa turte, yeroo ammaa kana ji’atti altokko dhufuun illee hedduu ishiitti ulfaateera. Akkanumaan daandii magaalaa Gimbii keessatti Ganna dooluu roobaa keessa, Bona qaanqee qorraaf aduutiin waadamee fuullikoof dhaqnikoo bifa biraa biqilche. Kuluulee kan jaalala yeroo xiqqoof waliin unanne miti, haatikoof abbaankoo kan dhalchanii na guddisan illee osoo na argan ana baruu danda’u kan jedhu amantaa hinqabu. Guyyaa tokko, yeroon isaa jala bultii ayyaana waggaa ture. Namni baay’een ayyaana maatii isaa biratti baasuuf, kaan gad kaan ol kaata. Konkolaataan tokkos Asoosaa irraa dhufee buufata konkolaataa Gimbii seene. Anis akkuma amalakoo, mi’a baatamu barbaacha fiigeen bira dhaqe. Konkolaataa irra ba’een mi’a imaltootaa gad buuse. Namoonni hunduu konkolaataa keessaa gad yaa’an. “Obboleessoo…… nama mi’a baatu na waamimee….” jetteeti intalli tokko namoota buufata konkolaataa keessaa imaltoota keessumsiisan gaafatte. Keessummeessaan sunis, “miinikee kami?” jedhe. “Kunoo kana” jette, mi’a dooniyaa tokko guutuu. “Abbaa footoo…… Kottu abbaa footoo….” jedheeti, hamma intalittiin haati mi’aa borsaa ishii konkolaataa keessaa fudhattutti, mi’a kana fuudhee mataarra na kaa’e. Anis baadheen qajeele. Intalli haati mi’aas duubakoo deemtee, “asiin gori, achi maqi, gadi gori” jetti hamma mana maatii ishii bira geenyutti. Anis feestaalii suuraa Kuluulee baatu kana dhukakoo keessa kaawwadheen mi’a kana baadhee deemaa ture. Osuma deemnuu akka tasaa ta’ee feestaaliin suuraa baatu kun, osoo 149 ani hinargiin dhukakoo keessaa lafa bu’a. intalittiin haati mi’aa kunis, ana duuba waan deemaa turteef waa gatteetta naan hinjenne, callisteema fuutee manaan geesse. Yeroo mana geenyee qarshii humnakoo kan ani mi’a baadhee dhufe naaf kaffaluuf jecha feestaaliikoo lafaa argite waliin natti fiddu, itti siqeen harka itti hiixadhe. Jalqaba fuula ishii caalaa feestaaliikoo suuraa baatu harka ishiirratti argeen naasuudhaan itti ariifadhe. Feestaaliikoo harkaa butadheen ija ishii keessa ilaale. Intalli ba’aa dooniyaa tokko natti feetee ana duuba deemaa dhuftes jaalalleekoo Kuluulee akka taate fuulashee ilaaleen bare. Takkaa qofa ijashee mil’adheen osoo hinbeekiin Kuullee……. jedheen miila ishii jalatti hojjaadhaan diriire. Feestaaliin suuraa Kuluulee baatus ana harkaa darbamee lafa dhahe. Feestaalicha ana harkaa darbamee gama bu’e kaasteeti “uu….uu……” jettee iyyite. Maatiin ishiifi ollaan gad yaa’ani. “Maali….. maal taate?” jedhan. “Mucaa kanatu mi’a naaf baatee dhufee maqaa na waamee lafatti kufe” jette. “Isa kami inni? Maqaa isaa qeesiin haadhahu” jedhanii yeroo lafatti uffatakoo mallattoo yeroo hundaa argan, “boo…… mucaan kun duraanuu du’aarra hinjiru. Atimmoo nama dhabdeeti kana baachifattee dhuftaa? Dhiisaa amma xiqqoo turee ka’a. Innoo yeroo baay’ee magaala keessatti gaggabee kufee xiqqoo turee ka’a. Kun mucaa isa suuraa harkatti baatee magaala keessa joorudha mitii?” jette, dubartiin daldaltuu Gabaa Maalifuu kan ollaa mana Kuluuleefaa jiraattu. “Maayinni harkakee irraa immoo Kuulleekoo….” jedhan haati Kuluulee. 150 “Anoo hinbeeku, isumatu karaatti buuse jennaan qabeefii dhufe malee” jette. “Gati gadi. Maal beekteeti waan xonxamaa kana harkaan qabda? Maal mucaa maraataan kun, maal baatee deemaa?” jedhanii Kuluulee harkaa fuudhani. “Maal xonxee baatee deemaa?” jedhanii quba lamaaniin haguuggaa feestaalii irraa ciran. Yeroo gad baasan suuraa Kuluuleef hiriyyoota Kuluulee yunivarsiitii Finfinneetti waliin baratantu keessa jira. Haati Kuluulee hedduu rifatani. Waan hojii seexanaaf jinnii wahii itti fakkaate. Kuluuleenis…. “maayinnii suurichi aayyoo?” jettee harkaa butte. Si’a suuraa ishii keessatti agartu, wanni hunduu abjuu itti ta’e. Nama fayyaa ta’uu ishii of amanuu dadhabde. Takkaa gogdee dhaabatteeti, waa shakkite. Si’a ani altakkaa Kuullee… jedhee lafatti gombifamu, maqaa ishii dhahuunkoo waa ishiitti raajeera. Gadi jettee bakkan gaggabee awwaara keessa ciisutti ilkaankoo irraa hidhiikoo ol qabdee, mallattoo ilkaankoo kan ishii qofaan dur beektu agarte. Takkaa qofaa….. “anoo badeera hinjiruu….” jettee ol utaaltee lafatti of hiddite. Balbala Kuluuleefaatti iyyi duraan qabbanaa’e deebi’ee abidda saafaa ta’e. Kuluulee lafaa hammaaranii ol kaafnaan afuurri keessaa ba’uuf waan dhiyaate fakkaata. Haati Kuluulee ol manatti deebi’anii funyoo fudhatanii lagatti biriirsani. Namni ollaas kan qabee, kan gad dhiisu wallaale. Iyyi iyya caalee poolisiin burqee dhufe. Ambulaansiinis dhufee Kuluulee fuudhee hospitaala Gimbiitti geessan. Ana jooraa, taltaallaa fira hinqabne lafatti na dhiisanii, ollaan iyya dirmate hunduu gara hospitaalaatti Kuluulee waliin godaanani.
Barruu Seenaa dhugaarraa Asoosamaa’e
Ilmi namaa uumamaan nama biraatiin jaalatamuu, kabajamuu, jajamuu, faarfamee namoota biratti bakka guddaa argachuufi waan hawwe san argatee milkaa’aa namaa ta’uuf dharraafi fedhii daangaa hinqabne of keessa dhoffatee socho’a. Dharraafi fedhii akka malee barbaadu kana dhabee milkaa’uu dhabnaan, dhiphatee of dhiphisee, jeeqamuun dhibbentaa 50% oliin sammuun isaa nagaa dhabuu danda’a. Yookiinimmoo, Abdikutannaan sammuun isaa hammeenya kuusee tooftaa caalaa gara humna fayyadamuutti geessa. Humnimmoo faayidaa caalaa miidhaa hordofsiisa. Namoota muraasarraa kan hafe irra caalaan keenya, waan feeneefi hawwine of harka galfachuuf tooftaa osoo hintaane humna fayyadamna. Cufanaa cufame tokko furtuu isa banu harkarraa hinqabnu taanaan tasumallee banuu hindandeenyu. Carraan nuti qabnu, furtuu balbala sanii cabsuu qofa. Isayyuu cabsuuf tooftaa hinfayyadamnu taanaan cufanicha cabsuun kasaaraa biraa keessa galuu dandeenya. Kanaafuu tooftaan waa hunda keessattuu nu barbaachisa jechuudha. Jaalala, kabajaafi fedhii nama biratti fudhatama argachuu barbaannu argachuuf falli jiru tooftaafi jaalala qofa ta’uu qaba!
Hojiifi humna uumaa ta’ee uumamaan lubbu qabeeyyiifi lubbu maleeyyiin hedduun lakkoofsaan hammi isaanii hinbeekamne bakka waljijjiiraa, haala Rabbiin eeyyama kenneefiin bakka walbuusaa, inni kuun yoo du’u inni kuunimmoo dhalatee bakka bu’a. Uumamaawwan addunyaa kanatti dhufanii simataman hedduun dulloomanii tortoranis irra caalaan isaanii uumama haarawaan bakka buufamaa deemuun isaanii waan wal nama gaafachiisu miti. Guyyaanis gargaarsa Aduutiin falaqqisee ifa Addunyaa maraaf kennee ijaan fagotti wal nama agarsiisee osoo hinquufin, halkan gurraacha dukkanaatiin dhaalamee yeroof aangoon Addunyaa too’achuu irraa fudhatama. Halkanis aangoo isaarra kan turu yeroo muraasa dabarsee guyyaaf deebisee kennuuf dirqama. Guyyaanis akka barbaade aangoo isaatti kophaa hinfayyadamu; Duumessa, Suulaa bubbee makate, Hurriifi Roobaan waldhaansoo jabaa osoo wal qabuu yoo itti jabaate isaaniin gaadi’amee osoo olaantummaa isaa hinlabsatin abbaa dabareetiif dabarsa. Halkanis dukkanaayee abbaa irree ta’uu yoo barbaade, urjii, baatiifi ifaawwan nam-tolcheetiin wal-utubanii ifa waliin gahuun Addunyattiif bilisummaa labsu. Kun walharkaa fuudhiinsa Uumaan uumamarra dirqama jabaa kaa’uun taatee biyya lafaatiif nuura bareedaa kenneedha. Ilmi namaas akkasuma bu’aa bahii dachee kanaa dhamdhamatee darbuuf garanatti makama. Akkuma dhalachuun isaa hinoolle, marsaalee namni keessa taruu qabu hunda keessa taree Addunyaa kanarraa godaana. Namnis akkuma uumama biroo bakka wal-buusaa deema waan ta’eef haaraan dhalatee, kan dhalates marsaalee Gadaa mara keessa darbee guyyaan du’aa yoo itti geette fudhattee kuttiin. Marsaalee Gadaa jiraachuuf hawwu saniyyuu haga fedhasaa osoo hinjiraatin dhiisee deemsa deebii hinqabne deema. Nuubiyyaanis uumama bu’aa bayii lafarraa dhamdhamee darbuuf gara Addunyaa ilmi namaa “Jaarraa 21ffaa” jedhee moggaafatee 22ffaa simachuuf of qopheessaa jiru kanatti dabalaman keessaa takka. Yeroo gara Addunyaa kanaa dabalamtu, Addunyaaf nama meeqaffaa akka taate beekuu dhabdus maatii isiitiif nama jalqabaa taatee obboleewwan duubaan dhufuu danda’aniif xurree qajeelaa saaqattee as baatee kunoo Ganna 16ffaa reef simatte. uubiyyaan intala dhalattuu reef guddinarra jirtu durba kichuu taatus, qaamaaf simboon Rabbi loogummaan isii qofaaf kenne akka Jeettii kooriyaa kaabaa N isa mucaan dargaggeessi furdichi gabaabaan sun kokkolfaa gammachuun of guutee, ariitii addaatiin furgugsaa oolu sanitti isiin furguggaatee kunoo durba geettuu isii fakkeesseera. Yeroo kana Nuubiyyaan kutaa 8 xumurtee reefuu gara kutaa 9ffaatti darbuu isiiti. Isayyuu yeroon osoo itti hinbarafatin obbo Gammachuun barumsa waan seenseefi malee akka kichummaa isiitiif kutaa 9 hingeettu ture. Kan dhaloota isiifi kichummaa isii beeku “Intalli Obbo Gammachuu durba qarree geettuu taate mitii?” jedhanii akka simbirroon firii liqimsaa isaaniitiif ta’u, walitti qoxxisuun walafaanii fuudhaniitti isaanimmoo bifa gaafii of keessaa qabuun oduu walafaanii fuudhu. Walitti daddabarsi oduu waa’ee Nuubiyyaa, ollaa isaaniirra darbee naannawni jireenya isaanii hundi shororkaayee gurra qabatanii “Na baasi Yaa Rabbi! waa’ee Nuubiyyaa malee namni waan biraa haasa’uu qaata dhiisemoo?” gaafii jedhuun nama maalalchiisa. Akkoon Nuubiyyaa Aadde Toltuun Magaala Sandaafaa qarqara Ollaa mana Nuubiyyaa faa yoo taatu, ji’aafi urjii lakkooftee dhaha Oromoo himuun eennuyyuu isitti hin qixxaatu. Quba harkashii kan dullooma isii mallattoo guutuun agarsiisu san dadachaaftee wal keessa maraa, Umrii Nuubiyyaa lakkooftee “Abeet yaa ijoollee ammaa! guddinni takkallee isin hindhibu, dhalachuuf guddachuun keessanillee haguma limsuu ijaati!” jettee osoo dubbattuu quba isii shanan harka bitaarra jiran harka mirgaatiin dadachaasaa lakkoofti. “Abeet…Abeet… handhuurri isii ta awwaalamteyyuu yoom goggodde? Qeerroon yeroo ammaatis… himm…” jettee waan jechuu barbaadde osoo hin xumurin waan biraatti dabarti-Aadde Toltuun. Haalli guddina Nuubiyyaa kan akkana kophaa haasofsiisuun ajab jechisiise, Aadde Toltuu qofa osoo hintaane, nama kichummaa isiitiifi miidhagina Uumaa irraa akka badhaasa addaatti Nuubiyyaan argatte saniif maalalfatu hunda ta’uu hinoolle.
Nuubiyyaan durba qarree kichuuf bareedduudha. Dhugumattuu jechi Afaan Oromoo bareedduu jedhu bareedina isii guutuu ibsuu dhiisii qaama isiirraa qeensa isiituu ibsuu waan hin dandeenyeef koreen Waaltina Afaan Oromoo osoo irratti mari’ateeyyuu jecha isii ibsu argachuu dhabuu danda’a yaada jedhuun shakkii namatti uuma. Qeerroon Magaala Sandaafaa hedduunis “Namni ishii kana argate nama eebba haadhaaf abbaa dachaa dachaa qabu yoo ta’e malee, inni kuun…” jechaa osoo haasawa isaaniillee hinfixatin kakuun hidhii itti ciniinnatu. Mudhiin isii waan qal’inaa bareedduu mudhii sonsaa jechisiisuu bira darbee jecha ibsaniin nama dhabsiisa. Fageenyarraa yoo ilaalan qaamni gara gadiifi gara olii qal’ina isii kanaan waan addadda citee Nuubiyyaa bakka lamatti adda baasu itti fakkaatee, namni hedduun gara-nyaattoon guutamee hidhii xuxxuuxata. Qarreen hedduunis bareedinaafi simbo qabeettii ta’uu isii kanatti, garaan gubatee waan nama hinaarsineef aaranii hidhii gara jalaa itti ciniinnataa oolu. Hawwiifi hinaaffaa miidhaginaa. Qeerroon hedduunis hawattummaa isii kana ofiif hawwanii si’a hedduu gororasaanii irra deddeebi’aa liqimsaa, hawwii isiif qabaniin kokkee of jiisaa oolanii bulu. Rifeensi isii akka dukkana halkan duumessaatti gurraacha’ee waan dheerinaa safartuu meetiraarra utaalanii kiilomeetiraan akka safaraniif nama kakaasu sun yeroo qilleensaaf ajajamee akka waan irraa faffaca’ee qilleensicha faana baduutti, naannoma fuula isiitti oliif gadi faffaca’aa nama hawata. Osoo isiin hin beekin dargaggoon isiirratti waldhabuun akka Ameerikaafi Kooriyaa kaabaatti misaa’elaan walrukutuuf dhaadannoo hawwiif xiiqiin guutameen walitti gaarreffatu. Dargaggeessa meeqatu isii ijaan arguuf of mimmiidhagsee urgooftuu biyyoota addaddaa ofirra dhangalaasee hojii tokko malee dallawa isaanii afoo deddeemaa oola? Dargaggeessa qofa osoo hintaane, ga’eessi guguddaan abbaatti isiif ooluufi jaarsi jajjabni Akaakayyuutti ooluufis Nuubiyyaa hawwuu irraa of too’achuu waan danda’an hinfakkaatu. Mooraa isa dallawame san malee fuula Nuubiyyaa arguun kan hawwii itti ta’e dargaggoonni Sandaafaa garaan isaanii waa heddu yaadee mala ittiin harka ofiitti galfatan dhahachuuf sammuu isaaniis kan dhiphisan heddu. Tooftaadhaan isii eeguuf dargaggoonni yeroo Mooraa isaaniirraa faffagaatanii dhaabbatan, mooraa manasaanii kabaja itti horanii Eegumsuma Masaraan mootummaa tokko eegamu fakkeessaniiru. Mooraa isaaniimmoo, masaraa mootummaa irraa wanti adda taasisu, masaraan mootummaa mindaa ji’aan kafalamuun kan eegamu yoo ta’u; Mooraan isaanii immoo, kafaltii mindaa tokko malee tajaajila bilisaa fedhii isaaniitiin kan eegamu ta’uu isaati. Namoota fedhii isaaniitiin tajaajila eegumsa kaffaltiirraa bilisaa mooraa isaaniitiif kennan keessaa Tolaan nama tokko. Tolaan yeroo hedduu daandii irrattis argee dubbisuuf yaalee milkaa’uufii didee aariin ibiddi itti qabataa gara manasaa galeera. Yeroo baay’ees qalbii isii hatuuf uffata babbareedaa faashinii garaagaraa bitee uffatus qalbiin isii isaaf harka kennuu diddee garaa itti jabaatte. Bilbila isii nama biraa irraallee barbaadee fudhatee, itti bilbillaanis jalaa kaaftee deebii inni tasumallee gurraan dhagahuu hinfeene isa “Hinta’u!” jedhu; deebii sagalee kiilolee saniin dabaalamee isa biratti dhama dhabe si’a hedduu arraba isii irraa dhagayeera. Kana dhagahus gonkumayyuu Tolaan isiirraa abdii kutatee taa’uuf humna hinarganne. Tolaa jaalalli Nuubiyyaa isa booji’uun burjaajii itti uumee, akka isa dhabsiisee waa hunda keessatti maqaa isii kaasee aariin hiriyoota isaatti haasa’u malee nagaaf boqonnaa hinargatu. Amala isii gaarii hunda namaa jilbiiffachiisu san, bareedina isiirratti seequun isiin nuffii tokko malee dhangalaasaa ooltu san, qaama isii kichuu dhodhommoqaa simboo addaa kenneefii dhiirota hunda garaa booressee akka dhabsiisu san; Nuubiyyaa ija nama hundaa keessa akka salphaatti seentee hordoftootaafi dinqisiifattoota ijaaf maalalfannaa baay’ifatte san; Nuubiyyaa ija mararrteetiin malee ija hammeenyaatiin ilaaluun dhagaa baachuu caalaa namatti ulfaatee hedduun namaa “Akkam sii ta’u? Maal sii godhu?” jedhee gaafiin dhamaasu san; ejjannaa isii kan fageenyarraa yoo ilaalan hunda booji’ee afaan qabachiisee “Isiin kun Nuubiyyaadhamoo?” akka jedhanii maalalan taasisu san yeroo marayyuu ijaaf sammuu isaa irraa fageessuu dadhabee waan godhu wallaaleera. Yaada sammuu isaa irraa fagaachuu diddee cinama isaa gagarmaamti. Ija isaa afotti suureffamteetti.
Guyyaan isaa Kamisa ganama falaqqisni Aduu guyyicha labsitee sa’aatiin sadirraa gara afuriitti saffisaa jira. Nuubiyyaan uumamaanuu bareedduu waan taateef, akka dubartoota zabanaa kosmootiksii garaagaraatiin of kuuluuf sa’aatii guddaa hin balleessitu. Yeroon isiin fudhattu haguma taphattoonni Pirimeerliigii Inginaandi tapha jalqabuuf Fiishkaa Abbaa murtii eeggatan qofaadha. Kamisa ganamaan kaatee haadhaaf abbaa isii eeyyamsiiftee fira bira gara baadiyyaatti qajeeluuf karoorfattee kaate. Waardiyyoota mooraa isaanii marsanii eegan kana osoo xiyyeeffattee hinilaalin gara mirgaatiin gara baha Biiftuutti qajeeltee Buufata konkolaataa Magaala Sandaafaatti fuula qajeelfatte. Yeroo kana namoonni fageenyarraa isii hordofan duuba isii yeroo deeman haadha aangoo gaardii VIP hedduun sochootu fakkeesseeraan. Akkuma buufata konkolaataa geetteen, konkolaataa nama guuttatee gara ganda Roggee Abbuutti qajeeluuf qophii isaa xumurate argattee seente. Buufata konkolaataarraa konkolaataa gara Ganda baadiyyaa Roggee Abbuutti yaabbattee imala eegalte. Namoonni duuba isii hordofaa turan konkolaataa gara Roggeetti deemu yaabbachuu isii ilaalanii erga addaan baafataniin booda biraa deebi’an. Konkolaatichi gara baadiyyaatti ariitiisaa dabaleera. Nuubiyyaan achi geettee fira isii kan baadiyyaa nagaa gaafattee reef boqotte. Dargaggeeyyiin adamoo osoo hin adamsin guddatan Nuubiyyaa arginaan hiikkaan adamoo kan itti mul’ate fakkaata; dursummaa Tolaatiin waan hunda caalaa isii adamsuun faayida-qabeessa ta’ee kan itti mul’ate dargaggoon kunniin waan hamaa tokko itti yaadaniiru. Tolaan hiriyoota isaa waliin Nuubiyyaa ijaan gaggeessee eessa akka deemtu hunda adda baafatee gara manasaatti gale. Waan yaadanii irratti waliigalaniin kana kan isaaf dhiyeessan hiriyoota isaati. Tolaan yaada hiriyoota isaa kana itti toluu dhabus Nuubiyyaan harka isaatii akka hin baaneef yaadni hiriyoota isaa kun gaarii ta’ee itti mul’atee isa biratti sagalee guutuun fudhatama argate. Dhimmichi ni milkaa’aaf taanaan waan durayyuu fedhiif hawwii guddaan barbaadaa ture harkatti galfata waan ta’eef, gammachuu cimaatu itti dhagahame. Yeroo Nuubiyyaa waliin harka walirra kaayatanii Magaala Sandaafaa keessa asiif achi garmaaman; yeroo bosona dukkanaawaa cal jedhee sagaleen tokkoyyuu keessaa hindhagahamne keessa waliin taa’anii sagaleen, kolfaaf taphni isaanii qofti keessaa baroodu; yeroo morma isii akka morma Gaalaatti dheeratu san jala seenee, Rifeensa isii dhukkisa lallaafaa kunuunsa bare san jala dhokatee, hafuura isii kan uumamaa isa urgooftuu nam-tolchee FOGG tuffachiisu saniin bashannanu. Yeroo gateettii isaanii lamaan qullaa walitti irkisanii qarqarri guntuta Nuubiyyaa qara Eboo caalu fakkaatu sun guntuta isaa waraanee qaamni isaa fedhii isiitiin guutamee fedhii hurku; yeroo lamaan isaaniituu abdiin guutamanii ija ijarra dabareen wal dhungatanii deebi’anii walitti seeqatan; yeroo Nuubiyyaa waliin laga Awaash irra markabaan imalaa ija keessa wal ilaalaa deeman, suur-sagalee bareedaa isa Wellee Doktora kabajaa Artist Alii Birraa… “…Awaash nama hinceesisu Yaanni hiriyaa nama hinteessisu…!” jedhuun dabaalamanii bashannan, sammuu isaa keessatti yaadannoo hinbanne ta’ee hafu san yaadaan gara fuulduraatti deemee suuresse. Yaada hawwiifi fedhii isaa Nuubiyyaa waliin qooddachuuf qabu hundisaa akka ogeessi fakkii harki Aartii Shaambal Lammaa Guyyaa kaasuun wal-fakkaatu san sammuun isaa fidee itti agarsiise. Yaada, hawwii, fedhii humna guutuu kan jaalalaa saniifi abjuu; abjuu keessaayyuu abjuu bareedduu gaabbii cimaa itti kaaftu. Abjuu guyyaan hirriibaaf mugiinsa tokko malee itti dhufe kana sammuun isaa keessummeessuuf dirqama fudhate. Dirqama jaalala gar-tokkee; kan gaafii malee deebiif abbaa kanaa dhabe. Gubata garaa jaalalaa kan kophaa isaatti jaalalli hoo’aan sun onneef sombasaa guggubee ciincessu; gubata deeggarsa hinqabneefi kan Nuubiyyaanis beettee hubatteefii irraa qoodachuu hindandeenne. Jaalala humna qabu, isa yaadaaf fedhii nam-tokkee; Jaalala namni tokko qofti dheebotee hoongeen beelaa itti hammaatee, kophaa hamuummatu. Abbaan Nuubiyyaa obbo Gammachuun deemuu Nuubiyyaa arguu dhabus, iddoon isiin deemte fira isaaf isii bira waan ta’eef hin aarre. Garuummoo osoo hin turin daftee osoo galtee gammadaa ture. Abbaa fi haati Nuubiyyaa mucayyoo isaanii waan jaalataniif ija isaanii duraa akka dhabamtu tasumayyuu hin fedhan. Osoma garaan isaan hin dandeenne obsumaan cal’isuu filatanii haga isiin dhuftutti obsaan of ukkaamsanii taa’uu filatan. Dargaggeeyyiin Nuubiyyaa adamsaa turan hundisaaniituu mala malatanii gara ganda Roggee Abbuutti imaluuf karoorsanii waa hundaan itti qophaa’aniiru. Nuubiyyaan achuma bultee ganamaan kaatee galuuf murteeffatteetti. Ganamni obboroo sun ija banatee dukkana halkanii san moo’atee, ifa Aduutiin bariisise. Dargaggeeyyiin hojii hojjatan karoorsanii waliif kennanii bulan; ganama saniin ka’anii gara hojii isaaniitti imala jalqaban. Saffisaan hurufa baadiyyaa san keessa shokoksaa tokko malee qaxxisuun deemsa isaanii itti fufan. Gargar faffaca’anii iddoo isaanii qabatanii gamaaf gamana yeroo mimil’atan waan lola Itiyoo-Tigraayirratti gara tokko goranii hirmaachuuf kiyyeeffatan fakkaatu. Waan waa eeganis ni fakkaatu. Waan waa eegan qofa osoo hintaane waan lolaaf bahanii diina isaaniitti dhukaasuuf Daannoo(mishigii) qabatanis fakkaataniiru. Nuubiyyaan ganamaan kaatee daftee gara mana haadhaaf abbaa isiitti galuuf qoqophoofti. Isiin akka dubartoota warra kaanii of qaqqabdee kosmootiksii garaagaraatiin of kuuluuf yeroo guddaa hin fixxu waan ta’eef, daqiiqaan 5(shan) itti guddata. Bishaan qulqulluu fuula isiitti faffacaafattee, rifeensa isii dhukkisa san harka isiitiin sisirreeffattee xumurtee yeroo deemsaaf kaatu “Jedhaakaa Akkoo! nagaatti naaf oolaa; yeroo biraa deebi’ee dhufaa!” jettee Akkoo gara haadha isiitti nagaa dhaamattee bahuuf qajeelte. “Tole dhalakoo karaa nagayaa naaf gali. Garuummoo osoo ciree hin nyaatin deemuu keetti aaree jira!” jetteen Akkoon isii. Isiinis “Rakkoon qabu ganamaan nyaachuu waan hin jaalanneefi; dhiifama guddaa Akkoo!” jetteen. “Maal taate Nuubiikoo? Koottuutii Aannanuma isii kanas ta’u dhugii garaakee qabbaneeffadhuu deemi” jedhaniin. “Tole Akkoo!” jettee Aannanicha fudhattee dhugde. Aannanicha afaanirraa fudhattee “Ooh Akkoo, dhuguma garaa nama qabbaneessa. Hoo’umee atis tana congisi!” jettee sesseeqataa gara Akkayootti qabde. Akkoon isiis “Maali kun duutuun? Nyaachuus dhuguus hindandeettuu? Callisii atumti keessaa unimee!” jedhaniin. Isiinis “Akka harka kiyyarraa dhugdu barbaadeetii bar Akkoo!” “Tolekaa erga jettee!” jedhanii harka isii irraa Aannanicha dhugan. Erga Aannanicha dhugdee akkoo isiis obaaftee booda “Akkoo guyyaa biraa nan deebi’aa jedhaakaa nagaatti!” jettee deemuuf kaate. Akkoonis, “Tole dafii nagayaan naa gali!” jetteenii gaggeessite. Isiinis nagaa itti dhaamattee karaa konkolaataa fuuldura isii fageenyarratti ilaalaa deemsa itti fufte. Dargaggeeyyiin Sandaafarraa isii hordofaa turan daandii isiin gara karaa konkolaataatti geessu bira gahuuf qabattee deemtu keessa hurufa hurufa jala riphanii dhufaatii isii eegaa turan. Akkuma isiin isaan cinaa geetteen “Fii..x” gochuun walitti fiissan. Hundisaanii yeroosanitti waamicha san dhagahanii dhufuun Nuubiyyaatti marsanii sochii isii daangessuuf yaalan. Gaafa guyyaa 2/2/2013 ganamarraa tilmaamaan sa’aatii 4:00 ni ta’a. Ija rifaatuutiin gamaaf gamana mimil’ataa “Maal… maal taatan ijoo?” jettee deebii isaanii eeggatte. Isaan keessaa gurbaan magaalli qal’aan reef karoora furdinaaf borci-tiraanisfoormeshinii waggoota dheeraa qabate tokko “Hin dhiphatin Bareedduukoo, homaa hin taatu!” jedhee itti siiqee harka irra kaayachuuf shaakala taasise. Harkasaa ofirraa darbattee “Achi narraa siqaa osoo isin hin salphisin!” jennaan “Ahahaha…. Akkamitti nu salphifta? Nuti kan salphannu yoo ati nu harkaa baatee mana haadhaaf abbaa keetti nu harkaa galte qofa!” jedheen Mucichi. “Akkanumaan hin dhama’inaa karaa koorraa goraa amma nan deemaa!” jettee deemuuf kaanaan mucichi qabeen. Nuubiyyaan ofirraa darbannaan “Ani bade Tolaa!” jedhee harkasaa waan guddinaa soodduu fakkaatu saniin kaballaa gurratti duuche. Gurri isii daqiiqaa muraasaaf dhageettii irraa walaba ta’ee hafe. Dammaqiinsa horattee, isiinis gurra jaamsuuf yoo qophooftu, inni kuun harka isii qabee dhaabe. Harka isaanii irraa baafachuuf tattaafattus humnaa ol itti ta’an. Yeroo kana Nuubiyyaan iyya naaf birmadhaa boo’ichaan makameen “Uu…uu…uu…uu…” jettee Mandara san hunda iyyaan kan too’atte. Too’atte jechi jedhu iyya isii san naa ibsa natti hin fakkaatu. Kanaafuu ni shororkeessite ka jedhu kun hoo naa ibsaa laata? Dachee walitti dhiphiste yoo jedhes waan arbeesse natti hin fakkaatu! Yeroma san heddummatanii Nuubiyyaa lafaa ol saamanii mataatti ol baatan. Isiinis osoo harkaa bahuuf wixxifattuu humnaan moo’achuun qabatanii qajeelan. Tattaaffii isii kana keessa Qeerricha isa gara mataa isii qabate san itti hiixachuun, cifaa harka isii kan cifaa Qeerransaa tuffachiisu saniin fuulasaa hunda boconcortee waliin geette. Sekondii muraasa keessatti fuulli mucichaa tottorobbaayee Siree dhiirri leexaan irra ciisee ka’e fakkaate. Qeensi isii magaazii caalaa qara qabu sun fuula mucichaa fuuqaa fakkeessus, mucichi ciniinnateetuma harka hin kennuufii dide. Mucaa isii luka isii lamaan gaadi’ee qabate sanis, akkuma Harreen utaaltee qoffee keessa wal dhiittutti, dhiiticha humna qabuun achi ofirraa diriirsite. Mucichi akkuma sangaa garaa quufee biyyee booratuutti daaraa booratee ka’ee, of too’atuun lafarraa utaalee ka’e. Akkuma ka’een lukkeen qaqal’oo Nuubiyyaa san sirritti duudhata jabeessee qabate. Miila isii san qabatee akka miilli isii humna dhabuuf sarbaa isii gara jilbaa olii tomtommatee si’a heddu rurrukute. Rukuttaatti dabalee aarii itti bahachuuf sarbaa isii irra deddeebiin quqummuunshe(qiqimmiide). Iyya duraanuu itti jirtu san jabeessitee haga laagaan isii baqaquu gahutti naannicha macheessuun booressite. Akkoon Nuubiyyaafi ollaan isaaniis iyyi kan maalii akka ta’e adda baafachuuf gara iddichaa achi fiffiigan. Obboleessi haadha Nuubiyyaatis isaanuma duuba fiige. Wal fudhatanii birmannaa iyyichaatiif haa fiigan malee dhimmichi maal akka ta’e adda baafatanii beekuu hindandeenne. Iyyi nama iyyuu ittuma jabaataa dhufnaan, haguma achi gahaniif karaan itti dheeratee miilli lafa isaan hanqatte. Ammas inuma fiigu; fiigicha hindhaabne. Garuu lallaafanii hargansuun dadhabbiif harka kennuu isaaniif labse. Tabba, qilee, sulula, mukkeen walitti tuucha’an isa baadiyyaa san keessa qaxxaamuranii birmannaaf ariifatan.
Nuubiyyaan nama birmatuuf dhabdee iyyaan lafa dhiphisaa haga isiif danda’ame harkaa bahuuf tattaaffii gootus, garuu tasuma humna dargaggeeyyii kanaatii ol taatee harkaa bahuu hin dandeenne. Yeroo kana keessakaa sagaleen Qawwees kan irraa barooduu jalqabe. Qawwee qofatti dhaabbachuu mitii, Uleenis irraa hinafne. Kan Qawwee itti dhukaasaa doorsisan hanqannaan uleenis qaama isiirra iddoolee garaagaraa reebuun Nuubiyyaa harka kennachiisan. Akka Risaaf Culullee harree duute argataniitti itti tuuchanii Nuubiyyaa bubbututtee harka kennatte fudhatanii sokkan. Erga isiin tattaaffii dhiiftee dadhabbiif of kennitee booda humnaan qabatanii sa’aatima sanitti osoo hinturin gara iddoo Fincaa’aa jedhamutti geessuun mana keessa dhoffatanii nama dhufu eeggachuutti taa’an. Garuummoo haalli mijachuufii dinnaan, gara mana firaatti geeffachuuf qabatanii ka’an. Akkoon Nuubiyyaafi Obboleessi haadha Nuubiyyaa, ollaa isaanii waliin iddoo itti iyya itti dhagahan gahanii nama homaa dhabanii bitaa itti galee achuma dhaabbatanii sagalee biraa barbaaduuf dirqaman. Iddoo san gadhiisanii hurufa sulula qabu keessaa gara tabbaatti ol bahanii garanaa garas mimil’atanii yoo ilaalan, Dargaggeeyyii baay’atanii shamara wayii baatanii, itti wal jijjiiraa deeman argan. Obboleessi Nuubiyyaa ariitiin yoo isaan hordofu, Akkoon Nuubiyyaafi ollaanis haga humna isaanii isuma duuba miila fuudhan. Namoota sanirraa fagoo waan turaniif, namni akkas iyyu eennu akka ta’e adda baafachuuf isaan rakkise. Biruma gahanii adda baafachuuf karoorfatanii fiigicha dadhabbiitiin itti qajeelan. Yoo achi gahan Nuubiyyaa ta’uu argan. Isaan martuu callabaa’anii hafuun daqiiqaa muraasaaf arrabni isaanii waliin dubbii lagate. Kan jalqaba arge obboleessa haadha Nuubiyyaa ture. Akkuma ta’e ta’ee Afaansaa banatee arraba dubbiif ajaje. “Ani badekaa Nuubii!” jedhee haadhasaa ija keessa laale. Akkoon Nuubiyyaa akkuma afaan qabattetti haftee “Gadheen sinyaattekaa dhalakoo!” jechuun “Uu…uu…uu…” jechuun iyya keessaa fuudhaa gara buttootaatti ilma isii dursuun itti qajeelte. “Harmee… Harmee…” jechaa eessumni Nuubiyyaas Akkoo isii faana qajeele. Akkuma naannawa ijoolleen Nuubiyyaa geessan san gahaniin, dhadhaabbatanii babarbaaduu jalqaban. Osoma barbaadanii sagalee iyya Nuubiyyaa dhagahan. Akkoon Nuubiyyaa utaaltee itti bararuuf taanaan ilmi isii(Eessumni Nuubiyyaa ykn obboleessi haadha Nuubiyyaa) “Ijoolleen meeshaa ofarkaa qabuu bar! Itti deemtee wanti buuftu hinjiruu turimee, gara Poolisiitti bilbillaa!” jedhee bilbila baafate. “Mucaa kiyya an obsee danda’ee, boo’icha isii sibira dhaabbadhee dhageeffachuu akkamitti danda’a?” jechuun Akkoon Nuubiyyaa boo’ichaan imimmaan harcaasaa ilma isaaniitti dubbatan. “Harmee xiqqoma obsimee Gammachuuf bilbilee hatatttamaan poolisii waliin akka dhufu taasisaa!” jedhee obsisiisuuf yaale. Ijoolleen kilaashii waan harkaa qabaniif, itti siiquu dhiisanii gara Abbaa Nuubiyyaatti bilbiluuf dirqaman. Bilbilaanis waan ta’e hundaa itti himan. Abbaanis waan qabee gadhiisu wallaalee malaaf falli harkaa babbadus, ariitiin gara Waajjira Poolisii Aanaa Barrakitti bilbilee waan hunda miseensa dabaree Odeeffannoo gaafa saniitti hime. Mucayyoon miseensa Poolisii dabaree Odeeffannoos hatattamaan deemtee Hoogganaa Waajjira Poolisii A/Barrakitti himte. Osoo isiin hin bahin bilbilli hoogganaa iyye. Kaasee gurratti of qabee “Heloo” yeroo jedhu. Deebii Hoogganichaaf deebisuus hanqatee “Maaloo na dhaqqabaa; Ganda Roggeerratti mucayyookoo butanii fudhatanii galaa jiru; maaloo na dhaqqabaa… Maaloo… maaloo dafaa na dhaqqabaa!” jedhe sagalee adda ciccitaafi naasuu guddaan gaadi’ameen. Hoogganaanis Iddoon naannawa kam akka ta’ee fi haalasaa hunda irraa qulqulleeffatee akka isaaf dhaqqabu waadaa galeefii “Ati tasgabbaa’i nuti ammuma bira geenya waan ta’eef!” jedhee jajjabeessee bilbila walirraa cufatan. San hanqatee abbaan Nuubiyyaa obbo Gammachuun gara waajjira Poolisiitti sardamaan dhufe. Hatattamaan hoogganaanis miseensa Poolisii nama 10 ta’an konkolaataa waajjirichaatiin abbaa Nuubiyyaatis fudhatanii Ganda Roggeetti qajeelan. Konkolaatittiin nama 10 ol qabattee awwaara samiitti ol dhaabdee yeroo fiigdu nama fagoo ilaaletti hinmul’attu. Poolisiin Aanichaa iddoo isaan geeffatan kana gahee yeroo too’achuuf yaalutti wanti hiyyaadamne tokko dhalate. Ummannis waan baay’inaa lafti bal’oon qaawwa ittiin walarganuu dhabdee dhiphina hamaa keessa galteetti. Haalichi Poolisoota Aanichaatiifis keessummaa ture. Poolisiis akkuma arganiin dhukaasa irratti banan. Kilaashii tokkoofi uleewwan muraasaan Kilaashii kudhan duchiisuun nama hinajaa’ibuu? Kun hundi jaalalamoo gootummaadha? Qarummaadha moo gowwummaadha? Gowwummaas osoo ta’ee, jaarraa 21ffaa qaroominni gowwootaayyuu keessa heddummate kana keessatti hawannaa, fedhiifi jaalalaan Nuubiyyaa kan ofiisaanii taasisuu hindanda’an turee? Sirritti danda’u ture! Kun gowwummaa bira darbee hoodhannaayummaa yoo ta’e malee, nama isaan Nuubiyyaa hawwaniifii kanatti galaniifis bu’aa waan qabu hinturre. Haalli teessuma lafaafi baay’ina ummataatiif ijoollee kana too’achuuf rakkisaa waan tureef, Poolisiin Aanichaa humna dabalataa eeggachuuf dirqameera. Osoo lubbuunis ta’ee qaamni namaa dhukaasaan hinmiidhamin jara kana too’achuuf humni dabalataa barbaachisaa ture. Humni dabalataas hatattamaan Poolisii Aanichaatiif dhufee xiqqoo erga marii gaggeessanii booda, tooftaan itti seenanii qabuuf gara manaatti ijjatan. Deeggaraa qaama butee warra ta’an keessaa wacaan lafa garagaggalchuun kan Poolisii jeeqaa turanis kumatamaan lakkaa’amu. Yeroo kana haalichi baay’ina ummata achi jiruutiin walbira qabamee yoo ilaalamu ijoollettii qabuuf rakkisaa ture. Kanaaf Kilaashkoovii gara samiitti ol-dhukaasuun ummata akka biyyee lafaatti achi guute san bittinneessuun barbaachisaa waan tureef, meeshaa ol qabanii si’a sadi miseensa sadihiin garaagarummaa daqiiqaa 5 shaniitiin dhukaasaa itti deeman. Yeroo kana ummanni sun hundi iddoo sanii qooraa, hir’ataa karaa gadi lakkisaa dhufe. H Kallattii maraanuu wal qoqqoodanii itti marsuun yeroo itti deeman namoota isaanitti rakkoo ta’uuf shaakala taasisan uleen adabaa itti qajeelan. Buttoota Nuubiyyaa keessaa mucicha kilaashii dhukaasaa ture dhagaa inni jalatti daadeffatee dhukaasaa ture jalatti miseensi tokko duubumaan irra gahe. “Meeshaa lafa godhii dafii olka’i! Ykn asumatti si hambisa!” jedhee meeshaa nyaachifatee itti qabe. Rifaatuu guddaan guutamee meeshaa achumatti dhiisee harkasaa olqabee lafa jiruu ka’e. Kaatenaa harka isaatti kaa’uun meeshicha irraa fuudhanii too’atan. Carraaqqii daqiiqaawwan muraasaa booda ijoollettii hundayyuu Nuubiyyaa waliin too’annaa jala oolchan. Nuubiyyaan asiif bubbutamuufi rukuttaa ijoolleetiin of dadhabdee bututtee waan turteef daftee hin dammaqne. Lafti ittiin garagalee of haa wollaaltu malee, Ijoollettii hundattuu kaatenaa yeroo kaa’an Nuubiyyaatti lafatu ifee itti mul’ate. Iyyi Nuubiyyaafi worwaannaaf kadhannaan maatii Nuubiyyaatis badee lafa hinbanne. Gargaarsa Rabbiifi birmannaa Poolisii Aanichaatiin deebii argatee, kaayyoof galmi barmaatilee boodatti hafaa karoorfame daaraa botoroo ta’ee hafe. Kan ummataa ajaa’ibuma. Barmaatilee boodatti hafaa akkanaa kana irratti qabsaa’uun dhabamsiisuun osoo jiruu gocha balaaleffatamaa akkanaa kanaaf gurra kennee yeroo dibbee rukuteefii “Jabaadhu!” jedhuun akkamitti naman ajaa’iburee? Gocha itti iyyamee seeratti dhiyeeffamuu qabuuf birmannaa taasisaniifii abdii itti horuun irra hin turre silaa! Hundaafuu namoonni gocha kanarratti adda durummaan hirmaatan 5(Shan) too’atamanii Mana hidhaa yeroo shakkamtootaa Waajjira Poolisii Aanaa Barrakitti darbataman. Hawwiifi fedhiin qaamota hawwisiisoo Nuubiyyaa dhamdhamuuf dharra’aa ture sun, argatee dharraa bahuu mitii osoo ittillee hin kalaayin hidhaaf saaxilame. Qorattoonni Poolisii Aanichaa himannaa qindeeffachuun Abbaa Alangaa waliin ta’uun himannicha cimsan. Guyyaa ittaanu, buttoonni Nuubiyyaa shananuu Mana Murtiitti dhiyaatan. Abukaatoo dhuunfaasaanii bitatanii mormiin ofirraa qolachuuf carraaqanis, qalamaafi keewwata Qorataa Poolisiifi Abbaa Alangaa jalaa isaan baraaruu hindandeenne. Dhimmicha gadi fageenyaan erga qoratanii booda, Abbaan Alangaa bu’uura Seera yakkaa bara 1997 fooyya’ee bahe keewwata 32(1)(a) fi 587tiin himatamtoota hundarratti humannaa bane. anni Murtiitis himannicha fudhatee raga sanadaaf ijaa Abbaa Alangaa erga dhagaheen booda, ofirraa akka ittisaniif jal-murtii M kennee, himatamtootaan “Ragaa ittisaa dhiyeeffadhaa!” jedhee ajajus, himatamtoonni “Ragaa ittisaa hinqabnu!” waan jedhaniif bu’uuruma himannaa A/Alangaatiin:-
• Himatamaa 1ffaa irratti Adabbii hidhaa waggaa 7(Torbaa) fi ji’a 5(Shanii) fi qarshii 2,000.00(Kuma lamaa)tiin,
• Himatamtoota 2ffaa haga 5ffaa jiranirratti immoo tokkoon tokkoo isaaniitiin Adabbii hidhaa waggaa 5(Shanii) fi ji’a 5(shanii)tiin adabuun galmeen cufamee mana galmeetti akka deebi’u ajaja dabarse.
Yeroo kana dhagahan Nuubiyyaafi maatiin isii hundinuu gammachuun gara manasaaniitti galan. Harmeen Nuubiyyaa, Akkoowwan lachuufi Abbaan Nuubiyyaas imimmaan gaddaa gaafas isaan hudhaa ture, imimmaan gammachuutiin bakka bu’ee imimmaan gammachuu coccobsaa yeroo galan abbaan Nuubiyyaa obbo Gammachuun isaan biraa gara Waajjira Poolisii Aanaa Barrakitti qajeele. Achi gahee biiroo seenee Hoogganaa waajjirichaa galateeffatee gale.
Of-Ilaallee
BOQONNAA TOKKO
Waaqeffannaa
Jechi Waaqeffannaa jedhu jechoota Afaan Oromoo lama irraa uumame. Isaanis: Waaqa fi Aanfannaa. Waaqeffannaan haala namootni ittiin waaqa isaanii ofitti aanfatan ibsa. Waaqeffannaan kun hariiroo waaqaa fi namootni waliin qaban agarsiisa. Sirna ittiin namootni waaqa isaaniif bitaman, akkasumas galateeffataniidha. Waaqeffattootni ammoo namoota amantaa waaqeffannaa amananii, akkaataa sirna waaqeffannaatti haala jiruu fi jireenya isaanii hoggananiidha. Namni Waaqeffatu yoo dhiira ta’e waaqeffataa, yoo dhalaa taatemmoo waaqeffattuu jedhamanii waamamu. Eeyyen waaqeffattootni namoota waaqaa fi Seera Waaqaa amananii fudhachuun jiruufi jireenya isaanii ittiin qajeelfataniidha. Waaqatti amananii, hariiroo gaarii waaqa waliin qabaachuun, waan waaqni ajaje hunda dalaganii, waan inni dhorke hundas dhiisanii kanneen jiraataniidha. Egaa sirni namootni ittiin waaqa isaanii waliin hariiroo uuman waaqeffannaa jedhamus, sirni waaqeffannaa kun amantaa garaa garaa kessatti sirna garaa garaan adeemsifama. Fknf sirni waaqeffannaa Kiristaanummaa, fi Islaamummaa sirna waaqeffannaa Oromoo irraa baayyee garaa garummaa qaba. Garaa garummaa Sirnaa fi seeraa, akkasumas maalummaa amantaalee kanneenii hunda walfaana ibsuun ammoo daran ulfaata. Sirna amantaa tokkichaa kaasnee waan hunda ibsuufis nibal’ata. Kanaafuu mata duree kana jalatti waa’ee maalummaa amantaa Waaqeffannaa Oromoo qofa hanga muraasaan ilaaluuf dirqamna jechudha. Akka waaqeffattootni jedhanitti Amantaan Oromoo Waaqeffannaadha. Waaqeffannaan Oromoos amantaadha. Amantaa Waaqa tokkichatti amananii ittiin qajeelfamaniiti. Waaqeffannaan Oromoo kun sababni Waaqeffannaa jedhamee waamameefis sababa Oromoon Waaqa waliin hariiroo tolfatee qabuufidha. Kunis dubbii Waaqaa dhaga’anii waaqeffachuu dabalata. Waaqeffannaan Oromoo daandii dhugaa kan jibbinsi keessa hin jirreedha. Dubbii waaqaa diduunis hin jiru. Waaqeffannaa keessa jaalalaafi gaarummaatu guutee jira. Akka amantaa Oromootti waaqni tokkichatu jira. Waaqni tokkichi kun maqaan isaa dhibba. Afaan isaas dhibba. Waaqeffattootnis waaquma tokkicha kana jiruufi jireenya ofiitti aanfatu. Dhugaa Waaqa kanaas dhaga’aniitu ittiin bulu. Dubbii isaatiinis jiraatu. Eeyyen akkasuma! Oromootni seeraa fi fedha Waaqa tokkichaa dhaga’aniitu ittiin jiraatu. Waaqeffannaan amantaa ittiin Waaqa tokkicha dhugeeffataniidha. Akka amantaa kanaatti maddi uumama maraa Waaqa tokkicha. Kanaafuu dhalli namaa cufti Waaqa tokkicha malee waan biraa dhugeeffachuu hinqabu jedhamee amanama. Kanaafuu Waaqeffannaan amantaa dhala namaa hundaa kan warra Waaqa tokkicha jiruufi jireenya isaaniitti aanfataniiti. Namni waan Waaqni jedhu dhaga’u; ittiin bulu; ittin qajeelfamuufi ittiin jiraatu hundi Waaqeffataa/ttuudha. Kanaafuu amantaan waaqeffaannaa Oromoo amantaa qulqulludha. Eeyyen Amantaan Waaqeffannaa dhiibbaa alagaan hugguramus amantaa dhugaadha. Alagaan beekamtii dhabsiisuuf maqaa garaa garaa itti moggaasee abaarus, amantaan Waaqeffannaa amantaa dhugaa isa Oromoon ganamuma ittiin waaqa isaa waaqeffataa tureedha. Fakkeeenyaaf Oromoon waaqni nama bishaan irraa uume jedhee amana. Hiddi sanyii dhala namaafi lubbu qabeeyyii hundaa jalqaba bishaan keessattti uumamanii yeroo booda bifa garaa garaa qabaachuu akka malan ammoo saayinsiitu hima. Kanaafuu akkuma Oromoon amantaa isaa keessatti amanu saayinsiinis namni jalqaba bishaan irraa uumamuu mirkaneessa. Kun dhugaadha. Dhugaan ammoo ilmoo waaqaati jedhanii amanu waaqeffattootni! Erga akkana ta’ee maaliif Oromoon kansaa ganee kan biraatti firoome jettaa laata? Kun anaafis gaaffiidha. Eeyyen dhuguma Oromoota baay’eetu kan ofii xureessee kan hormaa qulleessuutti jira. Akkamitti inni achii qullaa’ee kan asii xuraa’ee? Deebii kana siifan dhiise. Atumti ilaalii hubadhu! HUB:-Ani Qaalluu ykn beekaa amantaa Waaqeffataa miti. Waa’ee maalummaafi sirna waaqeffannaa Oromoo ilaalchisee ibsan kitaaba kana keessatti katabe kamiyyuu ibsa angafootni waaqeffanna Oromoo karaa garaa garaa ibsaa turan irraa kanan argadheedha.
BOQONNAA LAMA
Yayyaba Waaqeffannaa Oromoo Akkuma beekamu Waaqeffannaan amantaa dhugeeffannaa ummata Oromoo kan durii fi ganamaati. Akka angafootni ibsanitti Amantaan Waaqeffannaa Oromoo yayyaba irratti ijaarame hedduu qaba. Isaan keessaa kanneen ijoo ta’an muraasni:- Waaqa, Uumama, Daaniyaa, Laduu, Qaalluu, Ayyaana, Ateetee, Siiqqee, Gadaa, Galma, Safuu, Laguu fa’i.
Waaqa Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan duraa Waaqa. Waaqa jechuun waan hunda kan uumedha. Kan uumes kan eegu waaqni abbaa hundaati. Waaqeffattootni Waaqni tokkicha jedhanii amanu. Waaqa tokkicha maqaa dhibbaatti amanu. Gariin waaqa yoo jedhu, gariin ammoo Uumaa jechuu mala. Maqaan Waaqaa akkuma raajii isaatii hedduudha. Waaqni ol’aanaa waan cufaati. Uumaa waan cufaati. Waaqni hin jijjiiramu. Inni kan dur ture, ammallee kan jiru, egereellee kan jiraatuudha. Waaqni Oromoo kun Uumaa waa Maraati. Tolchaa uumama hundaaati. Qulqulicha waa cufa tolcheefi tolchuuti. Eeyyen Waaqni Uumaadha; Tolchaa walaabuuti; Madda jireenyaati; Jiraachisaa waan cufaati; Baalchaadha; Fayyisaadha fa’a jedhanii waaqa tokkicha aanfatu waaqeffattootni. Uumama Bu’ura amantaa Waaqeffannaa keessaa kan biraa uumama beekumsaafi hayyummaa Waaqaan yayyabameedha. Uumamni waan Uumaan ogummaasaan tolchee, beekumsaafi hayyummaa isaa ittiin mul’iseedha. Uumamaan kanneen raajii Uumaa jedhan jiru. Kaanimmoo ‘kalaqa’ jedhu. Jechi ‘kalaqa’jedhu afaan biraati. Inni Afaan Oromoo miti. Yeroo tokko tokko Oromoota Of hin beeknetu osoo ofii qabuu waan hormaa ergisa ganda dhaqa. Kan ergifate sanammoo kan ofii se’a. Sun aad-male. Bu’urri Waaqeffannaa uumama. Uumama keessaan beekumsaa fi hayyummaa Waaqaatu mul’ata. Waaqeffattootni dhugaan uumama kana irraa olaatummaa Waaqaa dubbisu. Uumama kana irraa jaalalaa fi marartoo Waaqni uumama isaaf qabu baru. Kanaafuu, kitaabni amantaa Waaqeffannaa inni bu’uraa uumama ta’uu isaati. Waaqeffattootni Uumamni cufti kitaaba amantii Waaqeffannaa ta’uu amanu. Kan dubbisuu beeku:- uumama irraa raajiifi Ogummaa Waaqaa dubbisa; Ol’aantummaa Waaqaa dubbisa; Hayyummaa Waaqaa dubbisa; Seera Uumaafi Uumamaa dubbisa; Seera Walaabuu dubbisa… fa’a jedhaniitu amanu waaqeffattootni. Daaniyaa Daaniyaan kitaaba. Kitaaba waaqeffannaa Oromooti. Kitaaba waa’ee waaqaa fi waaqeffannaa namootaaf ibsuudha. Kitaabni kun waaqeffattootni akka dubbisanii beekumsaa fi hayyummaa Waaqaa ittiin yaadatniif yaadamee kan yeroo jalqabaaf sonaa’ee ba’eedha. Daaniyaan akkuma kitaaba kamiiyyuu dhaamsa qaba. Dhaamsa inni dabarsu keessaa tokko akka itti Raajii Waaqaa hubataniidha. Uumama irraa akkamitti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa beekanii, akkamitti akka waaqatti harka kennatan namaaf ibsa. Daaniyaan akka kitaaba tokkootti bara 6400(akka lakkoofsa Waaqeffannaatti) Oromiyaa, Finfinneetti kan maxxanfamedha. Kitaabni yeroo duraa kun boqonnaa sagalitti kan qoodameefi fuula 468 kan qabuudha. Kitaabni kun bara 6401 keessas yeroo lammataaf biyya Ameerikaa kaabaa keessatti karaa mana maxxansaa Oromiyaa maxxanfameera. Egaa Daaniyaan kitaaba beekumsaafi hayyummaa Waaqaa of keessaa qabuudha. Eeyyen Daaniyaan dungoo Dhugaa Waaqaa kan Waaqeffattootni seera, safuu, laguu, seenaa fi aadaa Waaqeffannaa keessaa dubbisanii waa’ee waaqaa daran ittiin yaadatanii fi hubataniiti jechuudha. Walumaa galatti Daaniyaan kitaaba amantaa Waaqeffannaati. Ibsaa ittiin kitaaba Waaqaa (Uumama) dubbifataniidha. Ibsaa isa golgaa aada-malee saaqee aadaa dhugaatti nama geessuuti. waaqeffannaan sababa maaliin akka gaadi’amee tures quba qabsiisa. Yoo maal ta’e gaadii keessa akka ba’us yaadaafi qalbii namaa keessa guuta. Kanaafuu Daaniyaa kana namuu osoo dubbisee gaarii akka ta’es dhaamsa dabarsu waaqeffattootni! Laduu Laduun aangoo Waaqaa kan dhalli namaa akka Waaqeffannaa ittiin yayyabatuuf kennameedha. Laduun Aangoo Waaqaa kan Qaalluun ittiin iccitii Waaqaa beekee dhala namaa ittiin gargaaruuf Waaqa irraa kennameefiidha. Qaalluun Laduu Waaqaa kana argates ergamaa Waaqaati. Qaalluun kan seera Waaqaa dhala namaaf ibsu, kan dhala namaa qajeelchuufi kan namaa fi Waaqa walqunnamsiisudha. Akka Waaqeffannaan amanutti Waaqni dhala namaaf waadaa gale kan mirkanse Laduu dabarsee Qaalluuf kenneeni. Laduu Qaallummaa kan argatanis ta’ee kan namaaf kennu Waaqa qofadha. Namni Laduu Waaqaa kana fudhate, aangoo Qaallummaa waan qabuuf seera Waaqaa barsiisuuf dirqama qaba. Laduun aangoo Waaqni qabu keessaa kan Waaqni Qaalluuf kenneedha. Qaalluunis dhala namaa ittiin tajaajiluuf laduu kana waaqarraa imaanaa fudhate. Qaalluu Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraan Qaalluu ykn Qaallittiidha. Qaalluun ergamaa Waaqaa kan aangoo Waaqaan muudameedha. Qaallun aangoo Qaallummaas Waaqa irraa argata. Qaalluun ayyaantuu dhiiraa kan dhalootaan Laduu (aangoo) Waaqaan muudameedha. Qaallittiin ammoo, Waayyuu yookaan ergamtuu Waaqaa kan dhalootaan Laduu(aangoo) Waaqaa, isa waan waaqaa hiikee ibsu, goonfatteedha. Namooti akkanaa kanneen uumamaan fedhiifi Seera Waaqaa namootaaf hiikanii ibsuuf Waaqaan muudamanii dhalataniidha. Isaan kun Ayyaantota ergamtoota Waaqaati. Qaalluun beekumsaafi hayyummaa Waaqaa karaa dhalootaa qofaa argata. Ittiin dhalata jechuudha. Kana jechuun Qaallummaan kennaa Laduu Waaqaa kan dhalootaa dhalootatti diroo darbuudha. Ayyaantummaan kun abbaa irraa ilmatti ykn haadha irraa intalatti darba. Kana jechuun Qaalluu ta’uuf dirqama warri ofii aangoo Qaallummaa kan qaban ta’uu mala. Osoo abbaan ykn haati jiranii, garuu, ilma ykn intalatti hin bu’u. Gaafa isaan addunyaa kanarraa addaan ba’an qofaa laduun isaanii maatii keessaa Wayyuu tokkotti bu’a. Wayyuu jechuun maatii ykn fira keessaa kan Qaalluu ta’anii Waaqaan muudamaniidha. Akka Waaqeffannaatti, Qaalluun noolee Waaqaati. Kan dhala namaafi Waaqa ayyaanaan wal qunnamsiisuudha. Qaalluun iccitii Umaauumamaa akka hiikuuf muudame. Namni rakkate gara Qaalluu dhaqee dhibee isaa hiikkata. Hiikkatees daandii qajeelaa argata. Fala araaraafi nagaas falata. Qaalluun akka riqichaatti Waaqaafi nama gidduu ta’ee daandii tolcha. Daandii Waaqaa, Waaqeffannaa, Qajeelaa, Gaarummaa, Badhaadhinaafi Gammachuu namoota barsiisa. Nitiksas. Kanaafuu Qaallummaan wiirtuu amantaa Waaqeffannaati. Qaallummaan kennaa Laduu Waaqni Qaalluuf kennuun waan Waaqaa namatti ibsuu, hiikuu fi dubbachuu danda’a. Kennaan aangoo Waaqaa kun akka inni iccitii dubbii Waaqaa dhala namaaf hiikee mul’isu isa taasisa. Akka Waaqeffannaatti dubbii, lallabni, muudaa fi eebbi Qaalluu ni kabajama. Ittiin qajeelfamus. Kanaaf Qaalluun mataa(dursaa/angafa) amantaa Waaqeffannaati jedhanii ibsu angafootni. Qaalluun erga ergamaa waaqa tokkichaa ta’ee maaliif Oromootni baayyeen qaalluu ofii jibbanii qaalluu hormaa faarsu jettaa laaata? Kun anaafis gaffiidha. Eeyyen namoota baayyeetu afuurri qaalluu Oromoo xuraa’uu fi kan ‘nabiyyii’(qaalluu faranjii) ammoo qullaa’uu barsiisanii barataa jiru. Akkamitti afuurri Qaalluu inni asii xuraa’ee, inni kan Qaalluu achiimmoo qullaa’aa? Deebii siifan dhiise. Atumti madaalii, gulaalii, hubadhuu ilaali! Ayyaana Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraa Ayyaana. Akka waaqeffatttootni ibsanitti Ayyaana jechuun marabbaa Waaqni uumama hundaaf kennuudha.. Ayyaanni(marbbaan Waaqaa) kun kan Waaqni mil’uu Isaatiin uumamaa mara guuteefi guutu, akkasumas qajeelcheefi qajeelchuuti. Eeyyen ayyaanni, marabbaa jireenyaa kan waanti tokko akka dhalatu taasisu, erga dhalatee boodas jireenya qajeelchu, tiksuufi sirneessuudha. Waaqeffannaan akka amanutti waantotni umaman cufti Ayyaana ittiin qajeelfamaniifi jiraatan wajjin dhalatu. Ayyaana kan mataa isaanis qabu. Ayyaana kana dhalootaan argatu jedhu waaqeffattotni. Egaa akka Waaqeffannaatti dhalli namaa Ayyaana (marabbaa jireenyaa) Waaqa biraa kennameef kan argatu guyyaa dhalatuu kaaseeti. Waaqeffannaan Waaqni uumamaa mara kan uume, guyyaa 27 keessatti ture jedhee amana. Ayyaanni kunis kan guyyaa 27 keessatti bu’eedha. Namuu Ayyaana ofii kan argatu, marabbaa Waaqni guyyaa saniif murteesse keessaa akka hiree isaatti fudhata. Marabbaan Waaqaa kunis Ayyaana guyyaan 27 qabu irraa dhalootaa dhalootatii diroo kan darbaa jiraatuudha. Ayyaanotni digdamii torban jedhaman kunneen waan ofii qabu. Wanni jirtu cufi ayyaanotuma kana keessatti galti. Wanni dhalatu ayyaanotuma digdamii torban kana keessatti dhalata. Wanni du’us akkasuma. Gaddaa fi gammachuunille asuma keessa jirti. Kanaafuu waanti ayyaana malee jiraatu tokkoyyuu hin jiru. Du’aa iyyuu awwaaluuf ayyaanuma ilaalu. Ayaana du’aa itti hinawwaalletu jira jedhnii himu angafootni. Akka amantii Waaqeffannaatti dhalli namaa ni du’a; ayyaanni isaa garuu hin du’u; hin badus. Namni du’us ayyaanni nama du’e sanaa bifa biraan qe’ee dhaloota nama sanaa jiraata. Ayyaanni nama du’ee kunis Ekeraa jedhama. Ekeraa jechuun marabbaa Waaqni namaaf kennee, namni sun erga du’ee booda immoo egeree dhaloota ittaananii gaaromsuufi tiksuuf ardaa adii keessa jiraatuudha. Akka Waaqeffannaatti, ayyaanni marabbaa jireenya uumamaa qajeelchuu fi tiksuuti. Umamni cufti, namoonni, horiin, mukkeeniifi kkf ayyaana mataasaanii qabu. Waanti ayyaana malee umame tokkollee hin jiru. Kana jechuun waanti umame marti waan walqabate, garuu, addadda ta’e lama qaba. Isaanis waantoota mul’atuufi waan hin mul’annetti qoodamu. Kan mul’atu qaama ijaan argamudha. Kan hinmul’annemmoo ayyaana ijaan hin argamne, garuu ayyaanaan beekamudha. Kana malees, Araddaan ayyaana qaba; tulluun ayyaana qaba;malkaan ayyaana qaba jedhu waaqeffattootni. Waaqeffattootni Ayyaana kana ni safeeffatu. Kanaafuu tulluu bira yoo dabran itti irreeffatu. Malkaa yoo ce’anis itti irreeffatu. Ayyaana isaas waan safeeffataniif kabajaan maganfatu. Ayyaanni humna Umaan uumama keessa kaa’ee ittiin uumamasaa qunnamuudha. Ayyaanni kun riqicha Umaafi uumamaati. Kana malees, ayyaanni humna uumama tiksuufi qajeelchuudha. Namni Waaqa kan quunnamu ayyaanaan ta’a. Waaqnis uumama uume mara kan qunnamee gaaromsuu fi tiksu marabbaa itti kenneen ta’a. Walumaagalatti Ayyaanni marabbaa Waaqni uumama ittiin qajeelchu; eeguu fi nageessudha. Ateetee Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biroon Ateeteedha. Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaataa kan dubartiin waggaa lamatti altokko birraa ykn arfaasaa keessa bulfattuudha. Ayyaanni Ateetee akka Waaqeffannaatti birraa keessa Fulbaana gara dhumaa, arfaasaa keessammoo Amajjii walakkeessa keessa facaafatama. Dubartiin ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadhashii, ishiifis tolee akka dhala ishiifis qajeeluuf uumamaan Waaqa kadhatti. Ateeteen bakka tokko tokkotti “Facaasaa” jedhama. Akka Waaqeffannaan amanutti Ateeteen ayyaana warraafi qe’eeti. Dubartootnis nageenya, gaarummaafi hormaataaf ayyaana isaaniifi Waaqa isaan uume kadhatu. Waaqni waan isaaniif godheef galateeffachuuf immoo Ateetee bulfatu. Ateeteen ganama subii kaasee hanga waareetti diinqa mana jireenyaa keessatti facaafatama jedhu angafootni. Siiqqee Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan Seemaa yookiin seera Waaqaa waliin walitti hidhate, Siiqqeedha. Siiqeen akka Waaqeffannaatti seera garaa garaa kan mirga dubartii kabachiisisuuf Waaqni Waaqeffattootaaf kenneedha. Siinqeen gama tokkoon mallatoo seera dubartiiti. Gama biraan ulee qal’oo dubartiin gaafa heerumtee kaaftee haga gaafa duutuutti qabattuudha. Kanaaf, Siinqeen meeshaa murtii, fakkeenya seera Waaqaa kan dhimma dubartiin walqabate mul’isudha. Namooti Siinqeen ulee qal’oo dubartiin qabattu qofa se’an jiraachuu malu. Garuu, akka Waaqeffannaatti Siinqeen ulee qal’oo dheertuu callaas miti. Ulee qal’oo dheertuu, siimoftuudha. Siimoftummaafis siinqee hin ta’u. Qajeeltuufi dirraan wal-qixxooftuu kan ijoo hinqabne ta’uu qabdi. Siinqeen ulee kabajamtuu kan muka Harooressaa irraa tolchamudha. Siinqeen mallattoo seera Waaqaa kan ittiin mirgii fi namummaan dubartii eegamuudha. Akka Waaqeffannaatti siinqeen wayyooma jabaa qabdi. Wayyooma kanaaf, Siinqeen kabajaa, saalfiifi sodaa guddaa qabdi. Siinqeen akka ulee kanneen biroo miti. Siinqeen horii hin tiffatan. Sareetti hin darbatan. Fardaa ittiin hin dhayatan. Harree ittiin hin ooffatan. Dugdaafis hin dhadhaabbatan. Siinqee seeraaf qabatu. Woyyuu fi woyyoomaafis qabatu. Waaqeffattootni yeroo marallee siinqee hin qabatan. Siinqee kan qabtan yeroo gamteen, muddamni, daddarbaan, cunqursaan, walumaa galatti rakkoon jiraatteedha. Yoo rakkoon hin jiraatiin dubartiin Siinqee ol-kaayatti malee hin qabattu jedhu angafootni. Siinqee dubartii malee dhiirti hin qabatu. Dubartiin cuftis siinqee hin qabattu; kan qabattu yoo beera taate qofa. Siinqeen yeroo nagaa harka mirgaatti qabatama. Mormiif yoo ta’e garuu harka bitaatti qabatama. Dubartiin Siinqee qabachuu kan jalqabdu gaafa heerumturraa kaafteeti. Gaafa intalti-heerumtu sana haati intalaa Siinqee tolchitee, yoo baarree kan fuudhuuf kennitu, boraatii fi madaalaa wojjiin, ”Hoo baarree, hoo barsee,” jettee itti kenniti. Egaa Intalli heerumtu gaafa kanarraa jalqabdee haadha Siinqee taati jedhu angafootni. Gadaa Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraa Seera Waaqaan sirna biyya ittiin bulchan tolchanii ittiin qajeelfamaniidha. Waaqeffannaan akka amanutti warri Waaqatti bulu, akkuma maatii fi warra isaanii seera waaqaan bulfatan sana, biyyaafi saba isaanii illee sirna seera Waaqaan qajeelfatu. Sirni Waaqeffattootni akka seera Waaqaatti tolfatanii kan ittiin biyyaafi saba isaanii bulchaa, tiksaa fi qajeelchaa turanif jiranis Gadaadha. Gadaan sirna bulmaata biyyaafi Sabaa kan akka seera Waaqaatti yayyabamee ittiin qajeelfamaa fi tikfamaa diroo darbaa dhufeedha. Waaqeffannaan akka amanutti fulaan dhugaan Waaqaa itti tifkamaa jiran keessaa tokko Gadaadha. Gadaan osoo hinbeekamne Waaqeffannaan guutummaatti beekamuu hin danda’u. Gadaan duuba kan jiru Waaqeffannadha. Gadaan dhimma jiruufi jireenya Waaqeffattottaa fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasaa, aadaa dinagdee, hawaasummaafi amantaati. Sirni Gadaa sirnaafi seera Waaqeffattoonni ittiin walbulchan, diina mirgaafi haqa Waaqeffattootaa sarbaa ture ittiin duulanii ofirraa ittisuun seera Waaqaafi Dhugaa Waaqni isaaniif kenne kabachiisaniifi tiksan, kan dinagdee isaanii ittiin tikfataniifi dagaagfatan, akkaata ittiin waliin jiraataniifi fedhiifi hawwiin namummaa isaanii ittiin guutamuudha. Waaqeffannaan akka amanutti sirni Gadaa seera Waaqaa irratti hundaa’ee kan yayyabame, qajeelfama seera Waaqaan kan hidhameedha. Kanaaf, Gadaa keessatti waanni hundi Gadaan walitti hidhata. Gadaan kan guutuu ta’e sababa: lakkoofsa yeroo, aadaa, amantaa, jireenya hawaasaa, ittisa biyyaa, duula Buttaa fi kkf hunda of keessaa qabuufidha. Isaan kunneen immoo seera Waaqaa isa eenyuyyuu cabsuufi dabsuu hin dandeenyeen sirneeffaman. Akka Waaqeffannaatti Gadaan mootummaa Ummataa kan ummataan filamee, ummataaf hojjatuudha. Gadaan bulchiinsa ummataa isa olaanaati. Gadaan daawitii jiruufi jireenya Waaqeffattootaa isa olaantummaa seera Waaqaan ititeedha. Gadaan sirna waggaa saddeet saddeetiin taa’itaa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantii, loltummaafi jireenya waliin waliif dabarsuudha. Akka waliigalaatti, Gadaan of-ilaallee jiruufi jireenya ummata Waaqeffattootaa kan durii, kan har’aafi kan egereeti. Gadaan sirna Heeraafi Seeraan utubameedha. Haala kanaan Gadaan sirna seera uumamaa fi namaa walitti qindeessee ittiin namaafi uumama bulchuudha. Egaa Gadaan Sirna bulchiinsa jiruufi jireenya ummata Waaqeffattoota ganamaati. Galma Yayyaba Waaqeffannaan ittiin jaarame keessaa kan dhibii Galma Waaqeffannaati. Galmi Waaqeffannaa ardaa kadhannaafi galateeffannaa Waaqeffannaati. Ardaan kadhannaafi galateeffannaa Waaqeffannaa kun, bakka seerri Waaqaa itti himamudha. Galmi waaqeffannaa bakka ulfaataa muudaafi hammachiisaan itti kennamudha. Ardaa Dhugaa Waaqaas itti wal barsiisani jedhu waaqeffattootni. Galmi mana Waaqeffattootni gaafa Torbii, gaafa Hammachiisaa, gaafa muudaafi gaafa jileeffannaa keessatti walgahanii Waaqa isaanii kadhataniif itti galateeffataniidha. Galmi waaqeffannaa bakka akka itti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa baratan, seera Waaqaa wajjin daran walitti dhiyaatan, bakka ulfooti. Waaqeffattootni kan Waaqa waaqeffachuu jalqaban Galma Qaalluu, ajajaa fi qajeelcha Waaqaan ijaarame keessatti ture. Qaalluun ladooma duraan mul’ate akka barsiisettis Waaqni Galma Waaqeffannaa keessatti irra caala namatti dhiyaata. Galmi kunis Galma qulqulla’aa kan Waaqeffattootni Waaqa tokkicha itti kadhatan, aarsaa isaanii itti galfatan, kabaja Waaqaaf kan itti irreeffataniidha. Dhugaa kanas kan Waaqni yeroo jalqabaaf Qaalluutti mul’ise Odaa Mormor irratti ture. Waaqeffattootnis Galma kana keessatti dhiyaatanii beekumsaafi hayyummaa Waaqaa karaa Qaalluu himamu, hiikamuufi lallabamu baratu. Galma keessatti walgahanii waa’ee Seera Waaqaafi Dhugaa Waaqaa baratu turan jedhanii ibsu angafootni. Yeroo sana irraa eegalee manni Waaqeffattootni keessatti walga’anii waaqeffatan kunis Galma Waaqeffannaa jedhame. Mallattoo Waaqeffannaa kan ta’an Caaccuufi Kallachis Galma kana keessa kaa’ame. Ulfoon Waaqeffannaas akka Galma Waaqeffannaa kana keessa kaa’amu godhame. Kanaaf, yeroo tokko tokko manni itti Waaqeffatan kun Mana Waaqaa jedhama. Warri kaan immoo Galma Muudaa jedhanii waamu. Galmi Waaqeffannaa yeroo duraaf Odaa Mormor cinatti ijaarame, dhiibbaa alagaan dhiibamee gara Tulluu Cuqqaalaattis darbe. Yeroo kana teessumni Gadaa ammoo Odaa Nabee ta’e. Galmi Waaqeffannaa sadaffaanis kan ijaarame, Madda Walaabuu, kan amma Galma Abbaa Muudaa ta’ee jiru biratti ture. Galmi Waaqeffannaa kunis mana kadhannaafi galateeffannaa, kan Waaqeffattooti keessatti walgahanii Waaqa itti kadhatan, Seera Waaqaa itti baratan, muudaafi eebba Qaalluu itti fudhatan, hammachiisaafi maganfannaa itti raawwataniidha. Galmi Waaqeffannaas, akka Amantii Waaqeffannaatti, iddoo itti lallaba Waaqeffannaa dhaggeeffatan, iddoo itti seera Waaqaa barataniifi barsiisan, iddoo itti jaatanii Waaqeffannaa hojjataniifi dhimma Waaqaa itti midhaansaniidha jedhanii ibsu angafootni keenya. Safuu Waaqeffannaan akka yayyabetti, Safuun utubaa qajeelfamaafi sirneeffama uumamaati. Safuun seera Waaqaan umame. Safuun seera waaqaa kan jiruufi jireenya dhala namaafi uumamaa to’atu, eeguufi qajeelchuudha. Seera dhala namaan tumamu ni sirreessu; ni fooyyessus; garuu, Safuu akka jirutti eeganii dhimma itti ba’u. Safuurraa waanti maqe, ykn dabe ykn jal’ate yoo jiraate, sirneeffamaafi naqatoo uumamaa jeeqa. Kunimmoo badiifi dhibdee dhala.Cubbuudha. Adabbiin cubbuu kanaas ulfaataadha! Waaqa araarfatanii waan Safuurraa maqe iddootti deebisuu qabu. Kanaan ala adabbii Safuu cabsuun dhufu jalaa ba’uun hin danda’amu. Safuun seera uumamaa, kan ganamaafi kan fulla’aati. Safuu kana eeguu jechuun akka fedhiifi Seera Waaqaatti buluudha. Waan Waaqni uume mara jaalachuudha. Akka Waaqni uumeefi sirneessetti kabajanii buluudha. Sirneeffamniifi naqatoon Waaqaa kun osoo hinjeeqamiin akka fulla’an eeguudha. Waanti dabe yoo jiraates dafanii qajeelchuudha jedhanii amanu waaqeffattootni. Safuu beekanii, isaan qajeelfamanii, isaan buluun hayyummaadha. Waaqeffannaan seera Umaa uumamaa beekanii isaan qajeelfamuudha. Seerri Umaa-uumamaa kun ammoo Safuu dha. Safuun waan gaarummaa, waan badhaadhinaafi waan dhugaa of-keessaa qaba. Mirgaafi dirqamas of keessaa qaba. Kanaafuu, Waaqeffannaa keessatti Safuu beekanii ittiin qajeelfamuun wiirtuufi utubaa amantichaati jedhanii ibsu waaqeffattootni. Safuun kan Waaqaati. Safuun kan dhala namaafi uumamaaf kenname jalqabaa kaaseeti. Safuun seera Waaqaa keessatti, yeroo jalqabaaf dhala namaafi uumamaaf Waaqarraa kenname. Waaqni uumama yeroo uume, Safuus wajjin uume. Akka kanaan waanti cufti irraa jalaan akka Uumaan sirneesseefi qixeessetti naqame. Dhalli namaas Safuu jalqabaa kanaan buluu eegale. Ittiin buluun cinattis fakkeeffannaa Safuu kanaan seera tumatee waliis ta’ee, uumama qajeelchuu eegale. Seerri Yayyabaas kanuma dhugeessa. “Waaqni seera namaaf kenne; namnimmoo akka Fedhiifi Seera Umaa kanatti uumamaaf naannoosaa bulchuu qaba!” jedhanii ibsaa fi dhaamsa qaban dabarsu angafootni. Laguu Yayyaba Waaqeffannaa ijaaran keessaa kan biraa laguudha. Laguun waan hedduu of keessaa qaba. Akka seera Waaqeffannaatti laguun akkaataa sadiin ilaalama. Tokkoffaa, laguun waan nyaatanis ta’ee waan dhugan kan Ayyaana ofii waliin hintaane beekanii nyaachuufi dhuguu dhiisuudha. Laguun kun yoo cabe hariiroon namaafi Waaqa gidduu jiru nicaba. Kanaaf, namuu waan ayyaana isaa waliin wal hintaane irraa of eega; ni lagatas. Kan lammataa, laguun namni waan seera Waaqaan dhorkame beekee irraa of dhoowwuu kan ilaallatuudha. Waaqeffannaan waan Waaqni fedhe hojjachuufi waan Waaqni dhorke irraa immoo goruudha. Eeyyen laguun,waan Waaqni hayyame dalaganii, waan Waaqni dhorke immoo dalaguu lagachuudha. Namni waan Waaqni dhorke irraa goree, waan Waaqni fedhutti gore Gaarummaa Waaqni dhala namaaf kenne mara ni’argata. kan sadaffaa Laguun ulfina uumaa fi uumamaaf kennuudha. Waan tokko irraa of qusatanii halaalattii kabajumaan jiraachuu danda’uudha. Waaqeffattootni martuu gamtaan waa hundaa hin lagatan. Bakka uummata Waaqeffattootaa bu’ee kan laguu biyaa seera waaqaa eeguuf lagatu Qaalluu ykn Qaallittiidha. Amantii Waaqeffannaa keessattii laguun yoo eegame, nagaan boora’e tokko deebi’ee akka qulqullaawuuf gargaara. Kun ammoo Safuun akka hin jigne utuba. Kanaafuu, Laguun amantii Waaqeffannaa keessatti yayyaba seera Waaqaa kan nagummaa Waaqeffattootaa eeguufi tiksuudha jedhu waaqeffattootni.
BOQONNAA SADII
Kaawoo Waaqeffannaa
Waaqeffannaa keessatti waanti guddaa Kaawoo Waaqeffannaa beekuun, ittiin jiruufi jireenya dhuunfaa fi gamtaa qajeelfachuu danda’uudha. Waaqeffattootni dhugaan Kaawoo Waaqeffannaa tolchanii erga hubatanii booddee ittiin jiruufi jireenya dhuunfaa isaaniis ta’ee gamtaa gaaromsu. Kaawoo Waaqeffannaa keessaa Kanneen jajjaboo Waaqeffattootnii dhugaan kudhaamachuu qaban kanneen armaan gadiiti. Waaqeffattooti Dhugaan:-
Waaqa Tokkichatti amanu.
Beekumsafi humna Waaqaa qofaatti amanu.
Uumamani Waaqaa cufti hiika-qabeessa ta’uu amanu.
Dhalli namaa umamoota kaan caalaa gulantaa olaanaa kan qabu ta’uu amanu.
Namni kamuu Waaqeffataa (Waaqeffattuu) ta’uun dhalachuu amanu.
Namni kamuu qulqulluu ta’ee dhalachuu amanu.
Namni kamuu dibaabee Waaqaa jalatti nageenyaafi fayyina isaaf hojjachuu akka qabu ni’amanu. Waaqni Daandii Dhugaa namatti osoo hinmul’isin akka nama hinadabne ni amanu.
Waaqni waantota uume mara keessaa kanneen caalan gaarummaa ta’uu amanu.
Waaqa usanii amanuu qofaan dhiisuu osoo hintaane, beekumsa Waaqeffannaa qorannaan gabbifachuu akka qaban amanu.
BOQONNAA AFUR
Irreecha
Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon araara kadhataaf. Garaa qulqulluun waan kadhatuufis Waaqni isaa kun ni dhaga’aaf. Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu. Garuu uumamni kamuu ayyaana waaqa biraa isaaf kenname ni qaba jedhee amana. Uumama waaqni uume kessaanis humni waaqaa mul’ata jedheetu amana. Kanaafuu ayyaana uumamni qabu nisafeeffata. Ulfina laataaf. Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatanitti amana osoo hin taane, ayyaana isaanii safeeffata. Waaqeffannaan tokko uumama waaqaa kanatti irreeffatanii safeeffachuu fi raajeffachuun ibsama. Eyyen, Oromoon Waaqa Uumaa waan hundaa ta’e kana adeemsa inni ittiin waaqeffatuufi galateeffatu keessaa tokko Irreecha. Irreeffachuun“Waaqa tokkicha galateeffachuudha”jedhu waaqeffattootni. Ayyaanni Irreechaa kun falaasamaa fi ilaalcha Oromoon Addunyaa kana keessatti ittiin humna waaqaa ibsu, jireenya lafaa kana raaju, dhoksaa yookaan iccitii jiruufi jireenyaa labataaf dabarsee ibsu ta’ee fudhatama. Iccitiin kun diinagdee isaa keessattillee ga’ee ol’aanaa qaba. Kanuma ibsuuf jecha”Yaa Waaqa, Baala Midhaan gootu, dhiiga Mucaa gootu, hooqubaa!” jedhee ganama barraaqaan ka’ee galateeffata. Wayita irreeffannaa keessattis sagaleen galateeffannaa kun yeroo irra deddeebiin dubbatamu ni dhaga’ama. Jireenya Qonnaa keessatti abdii waaqaatiin Qonnaan bulaan sanyii midhaan isaa qooxii irraa fuudhee dacheetti facaasa. Waaqni roobaan lafa jiisee sanyiin biqilee baala ta’a. Baala kanatu yeroo waaqni kaa’e keessatti ija ykn firii baasee makaramee soorata namaafi horiif ta’a. Yeroon kun itti ta’u wayita gannaa, dhoqqeen lafa kutee, lagni guutee, Cooreen wal cortee malkaa ce’umsaa cuftee, huuriin lafa uwwisee, lafti dukkanaa’eetti dha. Waqtii isaa eeggatee ammoo yeroo dukkanni ifa aduun bakka bu’aa deemu, daandiin dhoqqaa’ee deemsa dhorkee ture xuuxxatee yeroo deemsaaf mijatu, sanyiin faca’ee biqilee baala ture hudhee, daraaree, asheetni itti nyaatamu birraan yeroo irreechaa(galateeffannaa) ti. Oromoon “Baga Booqa Birraa geessan” jedha. Birraan, Waqtii dukkanni gannaa darbee abaaboon dachee guutudha. Egaa Oromoon galata kanaaf irreeffata. Irreechi sirna galateeffannaa fi kadhaa waaqaati. Oromoo irra jireessaan iddoowwan lamatti gurmuun ba’ee irreeffata. Isaanis malkaa fi tulluudha. Iddoowwan kunniin bakka humni uumuu Waaqaa adda ta’anii itti mullataniidha jedhu waaqeffattootni.Iddoowaan kanatti ballinaan kabajama jechuun garu bakkeewwan birootti Irreeffannan hin raawwatamu jechuus miti jedhu. Irreecha Tulluu Irreechi tulluu kan itti kabajamu jiini bonaa darbee yeroo bokkaan afraasaa itti roobuu qaba jedhamee eegamu keessadha. Tibbi bonaa goginsaan beekama. Aduufi ho’a irraan kan ka’e jiidhi lafaa gogee, margi qooree, bishaan cooreefi malkaa jiru hunda keessatti qal’atee mul’ata. Yoo gogiin kun dheerate horiis ta’ee dhala namaa balaa irra buusa. Kun akka hin taaneef giddugala ji’a Bitootessaatti angafootni biyyaa wal waamanii akka seera isaatti naannoo lafaa bakka jiidha qaba jedhamutti yaa’un harka isaanii gara waaqaatti qabanii “Jiidha nun dhowwatin, waqtiileen toora isaanii eeganii haa naanna’an, qilleensa roobaa nuuf kenni, araar” jedhanii kadhaa waaqaa taasifatu. Tulluutti ba’anii waaqa tokkicha sana kadhatu jedhu angafootni. Irreecha Malkaa Irreechi malkaa wayita jiini gannaa darbuuf jedhu baatii fulbaanaa gara walakkaa keessatti taasifama. Jiini Fulbaanaa jalqaba Waqtii Birraati. Yeroo itti haalli qilleensa gannaa jijjiirama agarsiisuu eegaluudha. Yeroo lafti xuuxxatee sochiif mijataa ta’uudha. Birraan yeroo qilleensi duumessaa fi huurrii ture ifaa fi ho’a aduun bakka bu’aa deemuudha. Yeroo itti dacheen daraaraa biqilootaan uwwifamtee bareeduu eegaludha. Kanaaf, guyyaan Irreechaa kun “Ayyaana Birraa” jedhamee beekama. Guyyaan Irreechaa kun bakka tokko tokkotti guyyaa “Xaddacha saaquus” ni jedhama jedhu angafootni irreecha ibsan. Kunis yeroo itti dukkanniifi bacaqiin gannaa darbee wal arguun danda’ame ta’uu isaa ibsa jedhu abbootiin. Waliigala Irreechi malkaa guyyaa galateeffannaati. Galateeffannaa kana irratti namni hundi akkuma umurii isaatti uffata aadaa uffatee, dargaggoonni bareedanii, haawwanis, Wandaboo kuula bareedaan hojjetame irratti balees ta’ee kaabbaa, calleefi dooqaan faayame uffatanii coqorsa jiidhaa, keelloo, hadaa, daraaraa qabatanii malkaa gamaa gamanaan wal ga’anii Waaqa faarfatu. Abbootiin Gadaa, kallacha, bokkuu, marga, alangaa, jirma ykn ulee aangoo Gadaa ibsu qabatanii dura bu’anii tooraan seeraafi hayyataan sochii gara malkaatti ta’u sana geggeessu. Haalli uffannaa nama hundumaa bifa kabaja Waaqaa ibsuun ta’a. Haawwanis ta’e shamarran mogalee (jilbaa) gaditti uuffata dheeraa uffatu. Kunis “Yaa waaq nun soqolin, gaaddidduu kee nun dhowwatin “jechuudha, jedhu angafootni sirna Irreechaa kana ibsan. Naamusa Irreeffannaa Namootni muraasni Irreecha sababa isaa beekanii kan kabajan ta'us, baayyeen isaanii garuu namootumti sababa kabajaniif kabaju malee hiikni isaa maal akka ta'e hin beekan. Kanarraan kan ka'es yeroo garaagarummaan hiikaa ayyaanichaa fi madda isaa irratti mul'atu ni agarra. Fknf Irreechi aadaadha kanneen jedhan ni jiru. Kana jechuun namni Oromoo ta'e tokko irreecha jaallachuu isaa hubanna. Garuu amantaa ta’uu isaa shakkinaan namni sun amantaa kan biraa filachuu isaati. Tariimmoo Irreecha jaallatee amantaa waaqeffataa jibbuu agarsiisa ta'innaa?. Oromoonnis ta'an sabni biraan irreecha kabajuu fi jaallachuun gaariidha. Dhugaan hin haalamne garuu irreecha sababa jaallataniif irreecha amantaa waaqeffannaa irraa addaan baasanii ilaaluun wallaalummaadha. Kun aad-maleedhas. Eeyyen Akkuma ayyaanni faasikaa Kiristaanummaaf, kan ‘Iidaa’ Islaamummaaf ayyaana ta'e, Irreechis ayyaana Waaqeffaannaa Oromooti. Kanuma! Dhugaa kana beekuun dirqama. Irreecha kabajuuf sirna Irreechaa abboota gadaa qoratanii akkaataa sirnasaatiin kabajuutu gaariidha. Akkuma sirna Ayyaanota amantaalee biroo ayyaanessuuf sirnicha, abboota amantichaa irraa, baran sana Ayyaana Irreechaas ayyaanessuuf abboota Gadaa irraa sirnasaa baruun dirqama ta’a jechudha. Haa ta’u malee faallaa kanaa Irreecharratti namootni amalaa fi gocha Irreecha hin calaqqisiifne mul'isan argamaa jiru. Kun ammoo amantoota Waaqeffannaa Oromoos ta'e Oromoota Irreechaaf kabaja qaban ni mufachiisa. Akka waaqeffattootni jedhanitti Irreecha irreeffachuuf uffata aadaa Oromoon faayamanii, marga jiidhaa qabataniitu, faaruu kanneen akka Maree hoo...; Maree hoo..! Jedhufaa faarsaa waaqaa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti namoota baaseef galata galchu. Akkanatti Irreechi kabajama, Abboota gadaa fi abboota horaan fa'a eebbifamu. Maarree akkana. Akkanatti Irreechi irreeffatama. Kun ammoo kabaja Oromoon namaafis uumamaafis uumaafis qabu agarsiisa. Namootni irreechaaf kabaja qaban hedduun akkuma jiran, kanneen Irreechaaf kabaja dhaban ammoo Irreechaan da'atanii yeroo Irreechaa siyaasa garaa garaa geggeeffachuu fedhu. Gochi kun dhaloota ammaa kana biratti mumul'ataa jira. Kanas yeroo isaan alaabaa siyaasaa, alaabaa amantaa kan biraa bifa uffataanis ta'u bakka irreechaatti beeksifatan hubachuun ni danda’ama. Gochi akkanaa Irreecha tuffachuu fi tuffachiisuuf yaaluu isaanii namatti agarsiisa. Irrechi sirnaan kabajamuu qaba. Seera safuu irreechaan ta'uu qaba! Malee irreechi akka addaggootni safuu hin beekne yaadanitti dirree jeequmsaa fi atakaaroo garaa garaa ta'uun kan beekamu miti. Eeyyen irreechi sirna ittiin waaqaaf galata galchaniidha malee dirree siyaasa irratti geggeessuuf mijaawaa ta'e ta'uu hin qabu. Kaayyoon irreechaas kana miti. Ani akka Oromoo tokkootti Irreechaaf nan quuqama. Sirnaan akka kabajamuu qabun fedha. Fedhakoo kanammoo firris diinnis sirriitti naaf hubachuu qaba. Hubachuu qofas miti, namni irreecha kabajuuf bakka irreechaa deemu kamuu waantota irreecha hin calaqqisiifne dalaguu irraa of qusachuun dirqama ta’a. Eyyen akkanuma! Irreechi Aadaa Amantaa Waaqeffannaa Oromooti Irreechi aadaadha namootni jedhan ni jiru. Jechuus ni danda'u. Jechuuf mirgas qabu. Namuu waanuma beeku jedha. Mitiiree? Eeyyen dhugaadha. Aadaa Oromoon ittiin boonuu qabu keessaa inni tokko Oromoon waaqa ofii isaatii qabaachuu isaatiini. Oromoon waaqa ergifatee hin qabu. Oromoon waaquma gaafa waaqni biraan alaa hin galle sana amanaa ture amanaa jira har'as. Maarree egaa, amantaan waaqeffannaa Oroomoo aadaa sirna gadaa Oromoon qabu keessaa isa tokkoodha. Waaqeffannaan Oromoo ammoo ayyaana qaba. Ayyaanni kun ayyaana galateeffanaati. Innimmoo irreecha jedhama. Kana jechuun ammoo Waaqeffannaa Oromoo fi Irreechi dhukaaf lafee ta'uu isaanii mul'sa. Kanaafuu amantaa Waaqeffannaafi Irreecha addaan baasuun hin danda’amu. Isaan walumaan jiraatu. Walkeessas jiraatu. Erga akkana ta’ee maaliif namootni irreechi aadaadha malee amantaa miti jedhu jettaa laata? Kun anaafis gaaffiidha. Anaanis kan nadhibe isa namootni amantaalee kabiroo hordofan; amantaa waaqeffannaa Oromootiin xura'aadha jechaa, Irreechammoo kabajaniidha. Maarree akkamitti waaqeffannaan xura'ee sirni waaqeffannaa (Irreechi)qullaa’uu danda’aa?“Kaasi qumaara kee!” jechuun silaa asitti tureem. Ati akkamitti ilaaltee?
BOQONNAA SHAN
Damaraa
Jecha ‘damaraa’ jedhu kanaaf hiikni sirriin kam akka ta’e ani mooji. Garuu namootni ayyaana damaraa amantaa fi aadaan wal-qabsiisanii ayyaaneffatu. Akka aadaatti damaraan maal akka ta’e aadaa naannoo ani itti dhaladhee siif ibsuunan eegala. Dur yeroon ijoollee (A.L.H tti naannoo 1987-1994), akkaataa abbaan kiyya itti ayyaana damaraa ayyaaneffatun yaadadha. Abbaan kiyya yeroo lubbuun jiru sana ayyaana damaraa kana sirnaan ayyaaneffata ture. Gaafa damaraa ayyaaneffatu kana, muka buleeyyii kanneen akka bakkanniisaa fa’a irraa dame dhedheeroo lama baala isaanii wajjin muree fideetu balbala manaa duratti irkisa ture. Achii booda abaaboo kanneen akka siddisa birraa fi margammoo walakkeessa damee mukeen kana lamaanitti hidha. Manneen ollaa keenya jiran keessaas kanneen abbaan isaanii akkuma abbaa kiyyaa sirna aadaa durii hordofanis akkasuma godhu turan. Egaa gochi muka jiidhaa manatti hirkisuu kun naannoo keenyatti Damaraa ta’uu isaati. Maal kana qofaree gaafa ayyaana damaraa sana erga damaraan akkasitti damaramee booda ancootee fi farsoon ayyaanichaaf qophaa’es aluma mana jala bakka damaraan irkifametti nyaatama. Ancootee fi farsoo kanas ollaa keenya wamnee waliin nyaannee dhugna turre. Osoo hin nyaatin dura garuu mataa nyaataa fi dhugaatii sana damaraa jalatti naannessanii naqu turan. Yeroo kana haawwan maatii fi ollaa ilil jedhaniitu ayyaana kana gammadanii simatu. Gammachuu ayyaana kanaas waliin nyaatanii; waliin dhugaa waliin taphatu turan. Yeroo maatiifi ollaan akkanatti ayyaana kana ayyaanessan nuti ijoolleenis hedduu nutti tolee gammanna turre. Yeroon abbaan kiyya muka muree damaraa itti damaraa ture guyyaa keessaa naannoo sa’a 10 fa’a eegaleeti. Galgala yeroo aduun dhiitummoo qoraan gogaan walitti funaanamee ala oobdii keessatti abiddaan gubama. Abidda sanarraas guca ykn xombora qabsiifataniitu ‘Iyyooshee daree…Birraan bariitee Daree…Iyyoshee Daree…”Fa’a jechaa walharkaa fuudhanii sirbu. Yoo fedhanis darabeen walharkaa fuudhanii geeraru. Egaa maatiin kiyya akkanatti ayyaanicha ayyaaneffata ture. Abbaan kiyya yeroo sana amantaa Ortoodoksii hordofa ture. Ollaan keenya muraasni isaanii garuu amantaa ‘Proteestaantii’ yeroo sana ho’uu eegale amananii jiru. Kanaafuu isaan kun ayyaana damaraas ta’e kan masqalaa ayyaaneffachuu dhiisaniiru. Maatii keenya keessaas obboleessi kiyya kan Caalii jedhamus yeroo sana namoota dafanii amantaa Pheenxee kana fudhatan keessaa tokko ture. Kanaaf jecha Caaliin “ayyaana kana ayyaaneffachuun sirrii miti” jedhee abbaa kiyyaan mormaa ture. Sirna damaraa abbaan kiyya ittiin ayyaaneffatu sana namoota amantaa pheenxee keessaa qofas miti kan morman. Qeesotni amantaa Ortoodoksiis “damaraa isa jettee muka manatti hirkiftu kana dhiisi! damaraan kee amantaa keenyaa wajjin hin deemu” ittiin jedhanii dheekkamu turan. Abbaan kiyya garuu yeroof dheekkamsa jaraa sana jalaa callisus, yeroo ayyaanni damaraa ga’u hunda damaraa isaa akkuma isa durii sanatti ayyaaneffata ture. Sirna ayyaana damaraa abbaan kiyya hordofu irratti mormiin garaa garaa isa mudatus “Isin kan beektan jedhaa, ani akkan beekuttan ayyaaneffadha!” jedha ture abbaan kiyya. Egaa damaraan naannoo keenyatti muka jiidhaa lama manatti hirkisuun damarama jechuudha. Maal kana qofaree namootni naannoo Oromiyaa kanneen biroon tokko tokko akka ibsanitti ammoo, damaraan abidda alatti gubanii daaraa isaa itti naannessuu ykn itti marsuun ayyaaneffama jedhu. Hiiknumti Damaraa jedhu kuniyyuu daaraa maraa kan jedhu kanarraa madde jedhaniis kan ibsan ni jiru. Haa ta’u malee namootni yeroo ammaa kana irra jireessaan ayyaana Damaraa amantaa Kiristaanummaa wajjin wal qabsiisu. Ayyaanichi ayyaan kiristaanummaa jedhamus, addatti Ortoodoksii Itoophiyaatu ittiin beekamaa jira. Ambaa kiliyaa kan UNSCO irratti Itoophiyaan galmeessistee qabdu keessaas tokko ayyaana damaraa ykn masqalaa kanadha. Akka seenaan tokko tokko ibsutti dhaloota Kiristoosiin booda jarraa 4ffaa keessa mootittiin ‘Hileenii’ jedhamtu tokko naannoo Roomaa jiraacha akka turte himama. Mootittiin Hilleenii jedhamtu kun haadha mooticha isa yeroo jalqabaaf Kiristaana keessaa mootii Roomaa ta’uu danda’e ture. Mootichi Roomaa kun Haadha isaas kutaa bulchiinsa Roomaa keessa bakka tokko akka isheen hoggantuuf muuduun isaa ni himama. Akka seenaan kun ibsutti mootittiin Hilleenii jedhamtu kun bara 326-328 tti daawwannaaf gara lafa qulqullaawaa(holy land) jedhamu deemtee turte. Achittis hojii tola ooltummaa kanneen akka waldaa Kiristaanotaaf ijaaruu fi hiyyeessota gargaaruu hedduu gochaa turte jedhama. Bakki qulqullaawaan(holy land)jedhamu kun naannoo Yesuus keessatti dhalatee guddatee, barsiisaa turee fi itti fannifame ta’uu isaati. Bakki kun lafarratti gidduu galaana Medeteriyaaniyaanii fi galoo galaana Yordaanos/Jordan jedhamu gidduu ta’a jedhamee himama. Bakki kun bakka kitaabni kiristaanotaa (bible) lafa Israa’el jedhee waamudha. Ta’us lafti kun yeroo ammaa naannoo lafa Filisxeemotaa (Palastines) akka ta’etu beekama. Hilleenii bakka qullaa’aa jedhamu kana yeroo deemte achitti fannoo sadii argachuu akka dandeessestu garii kiristaanotaan amanama. Fannoo kana sadan keessaa tokko isa Yesuus irratti fannifame yemmuu ta’u, lama ammoo isa hattootni lama bitaa fi mirga isaatitti ittiin fannifaman ta’a jedhamee shakkame. Hilleeniin yeroo fannoo kana argatte haafa naannoo sanatti walitti qabamee jiru sana gubdeetu haara isaa faana dhooftee bakka fannoon dhugaan inni Yesuus itti fannifame jiru sana argitee, lafa keessaa qochisiistee baasifte jedhama. Haafni walitti qabamee gubame sunis balfa namootni bakka fannoon sun argamutti gatan ture. Akka namootni ibsanitti erga Yesuu achitti fannifamee kaasee bakka sanatti balfatu gatama ture. Balfi gatamaa ture kunis tuulamee gaara ta’ee, fannoo sana awwaaluu danda’e. Egaa Hilleeniin balfa walitti qabamee jiru sana gubde jechuudha. Balfi gubame sunis isa walirra tuulamee fannoo isheen barbaaddu sana dhoksee turedha. Fannoo dhokate sana argachuuf jalqaba balfa tuulame sana gubde jechuudha. Egaa namootni ayyaana damaraa ayyaanessanis balfa isa walitti qabamee ture sana gubuu irraa ka’eeti. Akka afaan Amaariffaatti walitti dabalamuun balfa kanaa walitti ‘Dammaramuu’ isaati. Kanumaan Damaraa jedhame jedhu. Masqal jechuun ammoo fannoo isa argame sana ibsa jedhu. Fannoo jechuunis afaan Amaariffaan ‘Masqel’ jedhama. Egaa gama amantaan yoo ilaalle ayyaanni Masqalaa fi Damaraa yaadannoo adeemsa Hilleeniin ittiin fannoo (Masqel) Yesuus argatte sanaaf kabajama. Seenaan kun dhugaa ta’uu isaa amantaalee Kiristaanummaa keessaa Kaatolikii fi Ortoodoksiin amananis. Amantaaleen kanneen akka Protestaantii ni shakku. Fkn fannoon yeroo sana argame jedhamu ajaa’iba Helleeniin argamus kan yesuus itti fannifame ta’uu fi dhabuun isaa shakkii uumeera. Kanneen amanan garuu fannoo sana gargar kutanii waldaalee biyyoota addunyaa jiru hedduun ga’uu yaalanii turan jedhama. Irra jireessaan garuu qaamni fannoo kanaa waldaa Kaatolikii Roomaa keessa olka’amee jira jedhama. Cabaan fannoo kanaa muraasni isaa karaa biyya Gibxii(Misirii) akka gara biyya Itoophiyaa galee jirus ni dubbatama. Itoophiyaa keessaas waldaa Gishan Mariyam jedhamu keessa akka olkaa’amee jiru fa’a shakkama jedhanii namootni himan jiru. Ortoodoksii Itoophiyaa fi kanneen biroon adeemsa Hilleeniin ittiin fannoo yesuus argadhe jette kana dhugaa ta’uu isaa amananis, Protestaantotni ammoo sababa ittiin dhugaa ta’uu dhabuu isaa morman ni ibsatu. Fknf fannoon Hilleeniin argatte jedhanii waldaalee garaa garaa kessa olkaaa’anii jiran gaafa qratamu soba ta’uu isaa ibsu. Kunis gariin mukti fannoon sun irraa tolfame kan naannoo Yesuus itti fannifame keessa hin jirre ta’uu isaa ibsu. Gariin ammoo jaarraan mukichi itti uumame akka qorannoon laboraatoorii ibsutti kan jaarraa Yesuus kessa fannifame ibsu miti fa’a jedhu. Walumaa galatti ayyaanni Damaraafi Masqalaa bakkaa bakkatti hiika garaa garaa qaba. Yeroo ammaa kana ayyaanni kun Itoophiyaa keessatti yeroo walfakkaaturraa eegalee kan ayyaaneffatamuu eegalu ta’us, Sirna garaa garaan kabajama. Fknf Oromoon amantaa Ortoodoksii hordofuu baatus masqalaan mootii ayyaanaa jedhee waama. Ayyaana kanaaf bakka guddaa qabaachuu isaati. Maqaan masqala jedhus jecha ammas qalaa jedhurraa akka uumame ta’uus kan ibsan jiru. Naannoo Uummattoota kibbaa birattis ayyaanni kun ji’a tokko guutuu akka ayyaaneffatamu himu namootni. Akka amantaa Ortoodoksii Itoophiyaatti garuu fulbaana 17 qofa ayyaaneffatama. Egaa kamtu kamii? Ati maal jette? Atumti qaaccessi jedheetan siif dhiise dubbii kana!
BOQONNAA JA’A
Moggaasa
Namootni maqaa garaa garaa moggaasanii qabu. Ammas moggasaa jiru. Moggaasni maqaa kun fedhaa fi hawwii namootaa waan ibsu fakkaata. Namootni hawwii gaariis ta’u, badaa namaaf qaban moggaasaan ibsatu. Waanti salphaan namootni uumuu danda’an maqaa moggaasuudha. Namootni maqaa ofittis ormattis ni moggaasu. Maqaan isaan ofittis ta’u waantotatti moggaasan hedduun isaa garuu namootas ta’e waantota sana waan ibsu hin fakaatu. Yeroo baayyee namootni moggaasa kan fayyadaman:-waantota bareedaa fokkisiisuuf, isa fokkisummoo bareechuuf, isa laafaa jabeessuuf, isa jabaa laaffisuuf, isa hin jirre jiraachisuuf isa jirummoo balleesssuuf fa’i! Namootni yoo maqaa moggaasan: Fayyisaa, Guddisaa, Badhaasaa, Qulqulluu, Xuraawwaa, Kumaa, Kitilaa, Caalchisaa, Gingilchaa, Abaaboo, Siddisee, Warqee, Meetii fa’a jedhu. Moggaasni isaanii fedhii isaan xureessuu ykn qulleessuuf qabanis ni ibsa. Haalli namootni maqaa ittiin moggaasan maqaa sana ibsuu haa dhiisuyyuu malee, moggaasni daran murteessaadha. Namnis ta’e waanti kam moggaasa maqaa malee beekamtii hin argatu. Fknf waa’ee kee osoon hin qoratin dursa maqaa ati ittiin beekamtu beekuun dirqama. Sana booda maqaa maatii keetii, maqaa sanyii keetii, maqaa garee keetii fi maqaa biyya keetii fa’a beekuun itti fufa. Kanaan maalummaa kee namoota kanneen biroo irraa addaan baasanii hubachuun danda’ama. Kanaafuu waanti kamuu moggaasa qabaachuun waantota kannneen biroo irraa addaan isa baasanii hubachuuf fayyada. Haa ta’uutii namootni maqaa akkamii ofittis ta’e kanneen birootti moggaasanii jiru? Moggaasni kun maal isaan fayyadaa jira? Gaaffileen jedhan gaariidha. Akkuma beekamu addunyaa kanarratti maqaan namootaa akkuma garaa garummaa amantaa fi afaaniitti maqaanis garaa gara ta’ee mul’ata. Ta’us, maqaaleen waaltaa’anii addunyaa biratti beekamtii qabaatanis hin dhabaman. Fknf maqaan Israa’el jedhu biyyoota hedduu keessatti moggaafamee argama. Maqaan kun amantaa kiristaanaa wajjin bal’achuu isaati. Maddi maqaa kanaa garuu biyya Israa’eeliiti. Dabalataan maqaan Mohaammed jedhus hedduu beekamaadha. Kunis amantaa Islaamummaa faana babal’ate. Maqaan Badhaasaa jedhu garuu asumatti hafe. Innis osoo amantaan waaqefannaa Oromoo addunyaa guutuutti babal’ateera ta’ee sila akkuma Mohammadii fi Israa’eelii addunyaan isas beeka ture. Egaa eenyu Waaqeffannaa babal’isee Badhaasaa addunyaaf haa beeksisuree?mDeebii kanaas atumti jedhi waan jettu!. Egaa moggaasani siyaasaaf amantaas ni ilaallata. Eeyyen, namootni akkuma ilaalchaa fi fedha isaaniitti kan jejanis kan jibbanis moggaasa maqaan ibsatu. Waanti nama dhibu garuu namootni ofii isaaniitti maqaa jallattan moggasnaniitu maqaa jibban ammoo ormaaf moggaasu. Ofittoon kun! Nama bifni isaa gurraachaan garba jedhu. Kan adii ykn diimaan ammoo boorana fa’a jedhu. Maal kana qofaree isa boorana jedhanitti yoo maqaa Caalaa jedhu moggaasan, isa garba jedhanittimmoo maqaa Waxxeessoo jedhu fa’a moggaasu. Kun gama aadaatiin yeroo illalluudha. Gama amantaan yoo ilaalle ammoo namni maqaa Oromoon moggafame tokko maqaa Oromummaa isaatiin Kiristaana Ykn Islaama ta’uu hin danda’u. Fknf Caalaan yoo kiristaanummaa fudhate, jalqaba bishaaniin cuuphamuu qaba. Erga cuuphamee booda itti kadhatamee kiristaana godhama. Gaafuma sana garuu maqaa oromummaa isa Caalaa jedhu dhiisaniitu, maqaalee akka:- Walata Goorgis, Gabra Maariyaam , Gabra Kiristoos fa’a jedhanii moggaasu. Gama Islaamummaanis Caalaan Caalaa ta’uu hin danda’u. Caalaan gaafa Musliima ta’uu fedherraa kaasee, Caalaa ta’uun isaa hafee maqaan akka ‘Abdallaa’jedhu fa’a itti moggaafama. Maarree egaa kun hunduu moggaasa. Namootni isa jibban irraa mulqaniitu isa jaallatan bakka buufatu. Egaa akkasitti maqaa bareechanii maqaa balleessani. Eenyu fa’an? Atumti jedhi waan jettu! Maarree, akkasitti Maqaa baay’eetu bareechamees balleeffame. Biyyaa Itoophiyaa kana keessatti maqaa moggaasuu qofaan seenaa bareechamee seenaa balleeffame hedduu kaasuun ni danda’ama. Akka fakkeenyaatti namoota sanyii filatamoo jedhamanii mogga’anii fi kanneen biroo ilaaluu dandeenya. Akka bara bulchiinsa mootummaa isa ‘Solomonic Dynasty’(Mootummaa Solomoonawaa) jedhamee mogga’uun walharkaa fuudhiinsa dhaalaan bulchamaa tureetti, Mootii Itoophiyaa ta’uuf dursa sanyii Solomoon(Sanyii seem/ Yihudootaa) ta’uu qabu. Akka ibsa kanaatti namni yeroo jalqabaaf sanyii solomoon ta’ee Itoophiyaa(Abiysinia) bulche ‘Minilik Tokkoffaa (Minilik I’)jedhama. Namni minilik I jedhamee beekamu kun ilma mootittii Saabaa ta’uun isaas ni odeeffama. Mootittiin saabaa jedhamtu kun ammoo dhaloota Kiristoosiin dura, kaaba Itoopiya bakka Axum jedhamu akka bulchaa turtes ni ibsama. Mootittiin kun mootii Israa’el yeroo sanaa kan ture Solomoon Oogummaa ajaa’ibsiisaa akka qabu odeeffannoo argatteen oogummaa isaa daawwachuu akka gara israa’el imaltee turtes ragaan kitaaba kiristaanummaa irraa argame ni ibsa. Achitti Solomooniif ulfooftee akka turtes ni odeeffama. Ragaan kitaaba Kristaanotaa waa’ee ulfaa’uu ishee kana ibsuu baatus, namootni Kaaba Itoophiyaa fi amantaa Ortoodoksii Itoopiyaa ni ibsu. Akka ibsa namoota kanneeniitti mucaan isheen mooticha Solomooniif ulfooftee deesse sun ‘Minilik’ jedhamee akka mogga’es dubbatu. Mootummaa mootittii Saabaas kan dhaale ilma isheen Solomooniif godhatte isa Minilik jedhamu sana ta’uu isaas ibsu. Egaa namni jalqaba sanyii Solomoon ta’ee Itoophiyaa bulche Minilik kana waan ta’eef moggaasa ‘Minilik Tokkoffaa’ (Minilik I) jedhu argate jedhaniitu ibsu. Asirratti waanti hubatamuu qabu Minilik I tokkoffaa jedhamee moggaafamuun isaa kan ibsu, mootiin itti aanu ammoo Minilik II, Minilik III…jedhamee dhaalaan akka daddarbuuf kan yaadamee ture ta’uu isaati. Gama biraanis yoo sanyii jarreen kanaa ykn moggaasa jarreen kanaa fudhatan malee akka sirna Solomonic dynasty kanatti Itoophiyaa keessatti mootii ta’uun hin eyyamamu ture. Yeroo baayyee namootni Itoophiyaa keessaa “nuti sanyii Seemiiti” ofiin jedhanis namoota barsiisa jarreen kanaa amanuun nuti sanyii minilik I ti ofiin jedhaniidha. Minilik inni lammaffaa(Minilik II) jedhamee Itoophiyaa bulchaa tures kanumaaf akkas jedhamee moggafame. Haa ta’u malee Saabaas taatu, Afrikaanotni sanyii seem ta’an waan jiran hin fakkaatan. Akkuma beekamu namootni baayyeen Afrikaa ta’anii sababa kiristaanummaa fudhataniif nuti Israa’eloota ofiinis ni jedhu. Akka seenaan ibsutti Saabaan akkuma Kuushii fi kana’aan hidda sanyii kaam ilma Nohiiti jedhama. Waaqni Israa’el yeroo tokko Israa’eliin ani qooda kee Saabaa fi Kuushiin dabarseen kenna jedhee kakatee ture(Isayas 43:3). Israa’el ijoollee ‘Nohi’ keessaa kan Seemiti. Sanyii Seemii waaqni akka jaallatu fi sanyii Kaam ammoo abaarsa abbaa irraa kan ka’e waaqni jibbuu amanu. Kuushii fi saabaan ijoollee Kaamiti. Kanaaf waaqni Israa’el yeroo Israa’eliin kunuunfatee Kuushii fi Saabaa balleessuuf itti kakatus ifatti ba’ees mul’ata. Afrikaanotni sanyii Solomoon ykn Seemiitti of waaman sababa Solomooniin jaallataniif akkasumas fedhii siyaasaaf jecha seemiin ykn sanyii Yihudootaa ta’uu fedhan malee jalqabni isaanii seem hin turre jechuudha. Seenaan waa’ee Minilik I odeessu kunis siyaasaaf kan kalaqame fakkaata. Egaa seenaan kun dhugaa ta’uu baatus, moototni Itoophiyaa kanneen akka Minilik lammaffaa fi Haaylesillaasee seenaa kanaan Itoophiyaa yeroo dheeraaf bituu danda’anii jiru. Haala kanaan moototni yoo muudaman qomoon isaanii dirqama sanyyii seemii (sanyii mooticha solomoon) ykn hordoftoota amantaa Ortoodoksii ta’uu qabu ture. Kanaafuu Moototni Itoophiya duraanii moggaasa maqaa sanyii seem ta’uu isaanii ibsu ofitti moggaasanii ittiin of yaamaa turan. Fkn akkuma Minilik II ffaan hidda moggaasa maqaa minilik I ta’uu isaa of ibse. Moggaasni maqaa Minilik I fi II jedhu kun garuu daran fagaatee hin deemne. Sababni inni fagaatee deemuu dhabeefis sababa minilikII n dhala dhiiraa dhabeef ture. Osoo inni ilma dhiiraa qabaateera ta’ee silaa Minilik III….jedhame itti fufa ture. Silaa mormiin hanga Iyyaasuu mudate isa hin mudatu ture. Haa ta’u malee minilik II sababa dhala dhiiraa dhabeef jecha mootummaa isaa Lij Iyyaasuutti dabarsee du’uuf dirqame. Lij Iyyaasuun kun ammoo Oromoo ture. Ta’us garuu amantaa Ortoodoksii fudhateera. Kanumaan MinilikII n mootummaa isaa Iyyaasuu dhaalchisee du’e. Gocha Minilik II n Iyyaasuu muude kana garuu Qeesotni hin feene. Kanarraa ka’aniitu Iyyaasuu mormuu eegalan. Iyyaasuuf maqaa Minilik III moggaasuufiin hafnaan mootummaa irraayyuu akka kaafamuu fi bakka isaa Tefarin (Haayilesellaaseen) mootii akka ta’uu qabuuf shira garaa garaa xaxuu eegalan. Akkasittiin Iyyaasuunis fudhatama dhabe. Itti malaniitu bakka Iyyaasuu Tafarii muudani. Ras Tefariinis(Haaylasillaaseenis) maqaa “Mo’a Anbessa Ze’Imnegede Yihuda “Jedhu ofitti moggaasee ittiin bulchuu eegale. Tumsa qeesotaa kan qabu Ras Tefariin uummata biratti kabaja aragate. Moggaasa kanarraa kan ka’es namootni qeequun hafnaan akka waaqaattiyyuu kufanii sagaduuf turan. Kanaanis bara 1930-1974tti bulchuu danda’e. Waggaa 40 ol Itoophiyaa bulchuu isaati. Yeroo sana Itoophiyaa bira tareeyyuu addunyaa guutuutti beekamee ture. Amantaan Ras Tefarian jedhamu uumamuunis baruma sana ture. Egaa keessaafi alaan kabajaa fi tumsa qabaatus mootummaan Ras Tefari kun kan bara baraa ta’ee Itoophiyaa keessatti itti fufuu hin dandeenye. Akka carraa ta’ee bara Ras Tefariin biyya bulchaa ture Itoophiyaa keessatti barnootni ammayyaa babal’achuu eegale ture. Dhalootni barate ammoo akkuma duraa waan qeesotni jedhan qofa ‘ameen’ jedhee fudhachuurra gaaffii mirgaa gaafachuu eegale. Kanarraan kan ka’es mormiin Ras Tefari mudachuu eegale. Kanumaan bara 1974 mootummaan sirna ‘socialism’ hordofu (dergiin) mootummaa Itoophiyaa ta’ee bulchuu eegale. Dargiinis bara 1974-1991 bulche. Sirni ‘dergii’ kunis amantaaf daran bakka laachuu haa dhabu malee, garuu ilaalcha amantaa qulqulluu tokkichaa fi afaan tokkichaa Itoophiyaa keessatti kunuunsuu hin dhiifne. Amantaalee biroofi afaanotni biroon kan hin barbaachifne ta’uu isaaniiti. Egaa Kunis dergiirratti falmii finiinse. Isumatu kufaatii dergiis ariifachiise. Eeyyen sirni motummoota itoophiyaa durii gabaabinaan kana fakkaata. Kan isa amma keessa jirruu kanammoo jabina isaas ta’u laafina isaa gaafa inni aangoo gadilakkisuuf haa bulchinu. Eeyyen,dhalootni gaafas seenaa jiru haa galmeessu!
BOQONNAA TORBA
Maqa-balleessii
Namootni namootuma akka isaanii xureessuuf yaalii taasisu. Kun ammoo caalmaa yaadaa argatanii filatamuuf ta'uu hin oolu. Filatamuun ammoo siyaasaan, dingadeen, aadaa fa'an dursuuf ta'uu isaati. Fknf maqaa saba biraa xureessuuf maqaa inni ittiin of yaamu jijjiiranii jecha arrabsoo fakkaatu kan akka:-Shaanqillaa,Gudeellaa, Gaallaa jedhu fa’a moggaasanii waamaa fi waamsisaa turan. Warri maqaa akkasii saba biraaf moggaasu kun ofittimmoo maqaa akka qulqulluu woyii moggaafatu. Ofii qullaa’anii sabni kanneen biroonimmoo akka xuraa’e ibsachuu isaaniiti. Kitaaba mul’ata Maariyaam jedhamu tokko irratti gaallaa fi shaanqillaan ofii moggaasan kunis akka mootummaa yesuus kiristoos hin arganne kataban. Maal kana qofaree Afaan jarreen kanaan mana amantaa isaaniii keessatti kadhachuu fi galateeffachuu ykn barsiisuu fa'as waaqni akka hin feene godhaniis namoota barsiisu turan. Kun ajab nama hin jechisiisuuree! Namootni amantaa da'oo godhatanii siyaasa isaanii akka adeemsifatan gocha kanaan yoo hin hubanne yoom hubachuuf taanaa? Ofii dammaqanii walis dammaqsuun silaa karaa kana ture. Warra si abaaruu wajjin gortee of abaaruun qabsoo hin ta’u. Ta’us fagoo hin ga’u! Kanuma! Eeyyen, qabsoon bu’uraa kanuma. Wacaan waanti dhufu hagas mara miti. ‘Down down’ jedhaniif wanti kufus wanti jigus dhabamuu mala. Yoo lubbuu ol adeemaa hedduu galaafate malee wacni eessaanuu nama hin ga'u. Amma yeroon yeroo itti xiinxala xiixalanii, shira dabaan xaxame hunda hundeen buqqisanii darbaniidha. Kana gochuuf wacaa fi oduu arrabsoo fa'a dhiifnee tasgabbiin isa kamtu kami jennee hubachuu qabna. Namootatti quba qabuu dura ofitti quba qabuu wayya. Ani amma maalan jechaa jiraa? Maqaa namootni namuma akka isaaniitti sababaalee garaa garaan moggaasan danuutu jira. Fakkeenyaaf: Tumtuu, Faaqii, Budaa fi Toshattuu fa'a kaasuun ni danda'ama. Maal kana qofaree namootni yeroo ammaa namoota beektota jedhaman hundayyuu maqaa garaa garaa itti moggaasaniitu namootni akka isaaniin hin hordofne gochuu fedhu. Fknf maqaalee akka ‘Illuminati’ fi 666 jedhaman dhaga'uu hin ooltu ta’a. ‘Illuminati’ jechi jedhu jalqaba jecha ‘illuminate’ jedhurraa dhufe. Innis ifa ibsa. Kanaafuu namootni illuminati jedhaman namoota waanti hundi ifeef ta'uu isaaniiti. Maarree egaa, illuminaatotni ilaalcha amantaa kiristaanummaatiin yoo ilaalaman namoota seexana hordofan jedhamanii ibsamu. Namootni garee illuminatiiti jedhaman kunniin maqaa garee 666 jedhamuunis ni yaamamu. 666 kun mallattoo bineensa gaanfa qabuuti akkasumas ‘daabiloos’ mootii seexanaati jedhamees amanama. Bineensi kun mormituu waaqaa ta’uu isaati.Kanas kitaaba amantaa kirstaanaatu ibsa. Ragaaf kitaabicha keessaa isa 'Mul'ata yohaannisitii mullate' jedhamu boqonnaa 13:18 irraa dubbistee mirkaneessuu dandeessa. Haala kanaan yoo ilaalle gareen namoota Illuminati ykn 666 ta'an akka uumamaniif bu'uura kan ta’e kiristaanummaa ta’uu isaati. Jalqabni garee kanaa ifaan ifatti faallaa barsiisa amantaa kiristaanaa ta'uuf waan uumame fakkaata. Kana kan ibsu waantota barsiisni amantaa kiristaanaa dhorku kamuu isaan ammoo yeroo dalagan ykn morman ifatti mul'achuu isaati. Gareen kunniin kallattiin amantaa kiristaanummaa mormuuf bu'ura haa ta'an malee alkallattiin amantaalee yihudiizimii irraa dhufan kan akka Islaamummaas ni dabalata. Sababni isaas bu'uurri kirstaanummaa fi isilaamummaa ilaalcha amantaa ‘yihudiizimii’ waan ta'efidha. Ilaalchi amantaaleen kunniin waa'ee waaqaa, seera uumamaa, seera waaqaa, adaba waaqaa, jireenya bara baraa, seexanaa fi ergamootaa fa'a irratti qaban hanga xiqqoon garaa garummaa qabaatus bu'uurri isaa wal fakkaata. Kanaaf gareen ‘illuminati’ jedhaman amantaa kiristaanummaa fi Isilaamummaa wajjiin kallattiinis ta'e alkallattiin ilaalcha faallaa qabu. Gareen namoota illuminati jedhamanii kun miseensa garee kanaa ta'uu isaanii mirkaneessuuf mallattoo agarsiisan qabu. Mallattoolee kanneen keessaa muraasni fakkii armaan gadiittiin ibsamu. Garee illuminati kana irra jireessaan kanneen balaaleffatan namoota amantaa kiristaanummaa hordofaniidha. Kunis ka'umsi ibsa jiraachuu garee namoota kanneenii bible ykn kitaaba qulqulluu amantaa kiristaanaa ta'uu isaatiin. Jarreen illuminati jedhaman kunniin garee kana ta’uu isaanii bekanii ittiin kan boonan akkuma jiran, hordoftoota garee sanaa ta'uuma isaaniiyyuu osoo hin hubatin kanneen garee kanatti waamamanis hin dhabaman. Fknf namootni oomisha garee kanaa fayyadaman ykn mallattoo garee kanaa fayyadaman miseensa guutuu isaaniitu himama. Egaa mallattoo garee kana waanta ibsuu fi oomisha garee kanaa fayyadamuun miseensuummaa garee kanaa guutu jechuudha. Ibsi kun’ yeroo ammaa kana addunyaa guutuurraa eenyutu miseensa garee kanaa hin taane? Gaaffiin jedhu sammuu namaatti akka uumu taasisa. Fknf mallattoo garee kanaa keessaa tokko fakkii bofaa fayyadamuudha. Kun ammoo daawaa mana yaalaa deemne fayyadamnu kamuu dabalachuu isaati. Mallattoon mana yaalaa ammayyaa fa'a yeroo baayyee fakkii bofaa kana fayyadamu. Namootni Oomishaalee akka bilbilaa fi meeshaalee ‘elekrooniksii’garaa garaa dabalatee argannoo ciccimoo addunyaan keessa jirru fayyadamtu garee namoota‘illuminati’ kanaan akka argamantu ibsama. Argannoo jajjabaa warra waa ifeeftu argata mitiiree? Egaa namni oomisha kanneen fayyadamuu dhiisee miseensa jara kanaa ta'uurraa bilisa ta'uu danda'u eenyu haa jennuree? Bofni uumama jiran keessaa ergamaa, akkasumas mallattoo seexanaa maaliif akka ta’e ifa ta'uu baatus, Yeroo waaqni jalqaba nama uumee ajaja “ija mukaa hundaa sooradhaa garuu ija muka isa ija namaa banu sana garuu akka hin sooranne” jedhee ajajje sana bofni uumama hunda keessaa haxxee waan taa’eef, ija muka isa waaqni dhorke sana akka soorataniif kan ajaje ta'uun isaa bible keessatti ibsameera(Uumama 3:1-6). Bofni yeroo ija mukicha akka soorachuu qaban namootaaf ibse sana, waaqni akka ofii isaatii akka isin beekaa hin taaneef isin dhorke jedhee ibseefii ture. Isaanis gaafa sooratan of arganii qullaa ta'uu isaanii hubatan jedhamee katabamee jira. Kanarraan kan ka'e bofni mallattoo seexanaa fi mormituu waaqaa ta'ee kiristaanummaa biratti beekame. Haa ta'u malee gareen Illuminati jedhaman kunniin bofa ni jaallatu. Sababiin isaa ammoo muka isa ija namaa banee waanta naannoo namootaa jiru arguu akka danda'an godhu sana kan jalqaba namootaaf ibse bofa jedhu. Kanaafuu waaqni namootaa bofa isa ija namootaa akka banamu godheedha jedhu. Waaqni inni muka ija isiniif banu hin sooratinaa jedhe sun jaamummaa ykn doofaa ta'anii akka namootni hafan fedha jedhanii amanu. Kanaafuu waaqa isa jedhamu sanarra bofa isa akka namootni qaroomaniif karaa saaqaxe wayya ilaalcha jedhuun gareen illuminati jedhaman kunniin namoota amantaa hordofaniin mormu. Egaa namoota amantaa hordofan biratti namoota garee garaa garaatti addaan qoqqooduun kun danuu ta'ee mul'ta. Fknf yoo fedhan garee ijollee Ifaa fi dukkanaa jedhaman uumu. Yoo fedhan ammoo islaamaaf kiristaana jedhanii garee uumu. Kanaan namni gareen waltumsee waldiigaa jiraata. Amma sirba Dr Alii Birraan yaadadhe. “Rabbimoo namumaa kan seera jallise..?” Egaa namni gareetti qoodee wal faarsa. Walis abaara. Cubbamoota, xuraawota fa’a jedheetu maqaa walballeessaa oola. Maal kana qofaree waantota akka soorataas Qullaawaa fi xuraawaa jedhee maqaa moggaasa. Dalagaa qulla’aa fi isa xuroofnaan namni dalaguu dhorkames kanumaan addaan baase. Kanumatu jireenyaa fi ilaalcha namootaas baayyisee quucerse!
BOQONNAA SADDEET
Gaaffii
Gaafii kana gaaffiin haa eegallu! Waanti addunyaa kanarraa baay’ee barbaachisaan maali? Jedhee yoon si gaafadhe, maal jettee naaf deebifta? Deebii kee situ beeka. Deebiin garuu gaaffiima ta’uu isaati. Albert Einstein yoo waa’ee barbaachisummaa gaaffii kana ibsu: “Addunyaa kanarratti waanti baayyee barbaachisaan tokko gaaffii gaafachuu dhaabuu dhiisuudha, Sababni isaas gaaffiinumti jiraachuun isaayyuu sababa mataa isaa qaba(The most important thing on this world is not stop questioning, because curiosity has its own reason for existence” jedheeti. Waa mara gaafachuun waa mara hubachuuf ni fayyada. Namni waan baruu ykn hubachuu qabu gaafachuu qaba. namni yoo waa’ee ofii isaas ta’e kan biroo sirriitti baruuf gaaffii gaafachuu qaba. yeroo baay’ee namni waanuma waan hedduu beeku of se’a. Dhugaan jiru garuu namootni waa’ee waantota kan biroo hunda beekuun hafnaan waa’ema mataa isaaniiyyuu waa hunda hin beekan. Namootni waa’ee ofii isaanii akkuma of tilmaamanitti beeku. Of tilmaamuun kun ammoo dhugaa ta’uu dhiisuu mala. Namni maal akka fakkaatu hubachuu kan danda’u:- Of-ilaallee keessatti ilaalee; sammuu isaa keessatti of tilmaamee; akkasumas namoota isa ilaalaa jiran irraa maal akka fakkaatu gaafatee beekuu ykn hubachuu danda’a. Egaa namootni of hubachuuf of tilmaamuun qofti ga’aa miti. Ani akkana jedhanii of tilmaamuu cinatti dhuguma garuu ani akkanaa? Ani maalan fakkaadha? Namootni waa’ee kiyyammoo maal jedhu? Kan namootni naan jedhan moo isan ofiin jedhutu sirriidha? Maaliif? Jedhanii fa’a yoo of gaafatan fakkii ofii sirriitti hubatu. Fakkeenyaaf ati fuula kee akkamitti argaa jirta amma? Maaltu fuulakeerra jira? Akkamitti of arguu dandeesse? Walumaa galatti gaaffii gaafachuun gaariidha. Ani eenyu? Sanyiin koo maali? Aadaa fi amantaan koo maali? Maalan gochuu qaba? maaliif? Akkamitti? Eessatti? Yoom? fa’a jedhanii gaaffiin jalqabuun dhugaa hubatanii dhugaan jiraachuuf nama fayyada. Namootni baayyeen beekumsa waa’ee ofii isaanii osoo sirriitti hin xumurin utaalanii waa’ee namoota kan biroo baruu fedhu. Waan ofii dhiisanii waan kan biraa faarsu. Kan ofii wallaalanii kan horma beekuu fedhu. Namoota tokko tokkotti afaan Ingiliffaa baruun beekumsa itti fakkaata. Afaan baruun badii hin qabu. Afaan kamuu ittiin walii galuuf hedduu fayyada. Yoo afaan saayinsii ta’es saayinsii ittiin barachuuf hedduu gaariidha. Garuu afaan baruun beekaa nama hin jechisiisu. Afaan bartee saayinsii ittiin baratte jechuun yeroo hunda dhugaa hubatte jechuus miti. Barachuun hundi dhugaa nama hin barsiisu. Barachuun xiinxaluu si shaakalchiisa. Xiinxaltee dhugaa hubachuufimmoo gaaffiin eegaluu qabda. Namootni gaaffii gaafachuu dhiisan waantota jirenya isaaniif baay’ee barbaachisoo ta’an osoo hin barin hafu. Namni jireenya isaa keessatti waanta isa fayyaduu fi waanta isa miidhu hunda beeekuu qaba. Addunyaa kanarra jiraachuuf akkaataa ittiin jiraatan beekuun barbaachisaadha. Waanta hin beekne hubachuuf ammoo gaaffiin eegalu. Beekumsa malee jireenyi hin danda’amu jechuus miti. Kan jechaa jirru waa’ee jireenya mijataa fi jireenya gadadoo jiraachuuti. Egaa namaaf jireenya isaa keessatti beekumsii fi hubannaan hedduu barbaachisaa ta’uu isaati. Namni beekuuf akkasumas waan beeku dhugummaa isaa mirkaneessee hubachuufis sirriitti qorachuu qaba. Akkuma beekamu beekumsi qo’annoo fi qorannoo akkasumas muuxannoon argamuu mala. Fknf Daa’imni tokko abiddi nama gubuu isaa kan bartu jalqaba tarii harkaan qabdee ta’uu mala. Inni kun muuxannoo/mudannoo (experience) jedhama. Osoo hin gubatin akka abiddi nama gubu beekuuf ammoo ‘kuni maali?’ jettee gaafatti. Maatiin abidda yoo jedhe, abiddi maali?...fa’a jettee qorannoo itti fufti. Kun ammoo daa’imni maatii irraa maalummaa abiddaa sirriitti baruuf tattaaffii isheen gootu agarsiisa. Haa ta’u malee daa’imni abiddi akkamitti akka nama gubu hubachuuf barsiisni maatii qofti ga’aa hin fakkaatu. Daa’imman gaaffi ‘abiddi yeroo nama gubu akkam nama godha ykn miira akkamii namatti uuma’? Jedhus qortee ilaaluu feeti. Kunis sababa fedhiin waantota qoranii sirriitti hubachuu(curiosity) uumamaan namoota keessa jiruufidha. Kanaafuu abiddi nama guba jedhamu kun maal akka fakkaatu ija maatii dhokattee abiddicha tuqtee dhandhamuu ykn xiqqoo gubattee ilaaluu feeti. Kunis barsiisni maatii irraa argamu daa’immaniif guutummaatti ifa akka hin taane ibsa. Gochi da’imni waanta hin tuqin jedhamte dhokattee tuqxee ilaaltu kun amala namootni waantota dhorkaman dhoksanii dhandhamuu fedhanis ni mul’isa. Egaa adeeemsa qo’annoo fi qorannootiin akkamitti akka hubannoo argachuun danda’amu ilaaluu yaalleerra. Eeyyen namootni waantota kamiinuu sirriitti hubachuuf gaaffiin eegalu. Asitti jecha isa sirriiitti hubachuuf jedhu kana jecha isa hubachuuf jedhurraa addaan baasanii ilaaluun barbaachisaadha. Maaliif jetta laata? Maaliif jechuun kees gaaffii gaariidha. Hubachuun yeroo mara sirriitti hubachuu jechuu miti. Namootni yeroo baayyee waan argaadhageettii dogoggoraan hubatu. Kunimmoo sababaalee garaa garaan ta’uu mala. Fknf sababaalee kanneeen keessaa mursaani:-
Namoota dogoggora hubatan irraa barachuu
Ofuma isaaniitii akka malee hubachuu
Barumsa ga’aa dhabuu
Gadi fageenyaan qorachuu fi qo’achuu dhabuu
Seera amantaa fi siyaasaan dhorkamuu fi
Aadaa gara-garaan dhorkamuu fa’a ta’uu mala.
Egaa gaaffiin waa’ee waanta kamiiyyuu sirriitti hubachuuf kan fayyadu ta’us, sababaalee garagaraan namootni gaaffii gaafatanii wa’ee waanta sirriitti hubachuu fedhanii tokko hubachuuf danqamaa jiraachuu isaanii ni hubanna. Rakkoon kun ammoo namootni baayyeen waan argaa dhageettiin beekan qofa beeku malee sirriitti qoranii hubachaa hin jiran. Sirriitti hubannaa dhabuun kun ammoo namootni soba dhugaa fakkaatu akka amanaa jiraataniif haala mijeesse. Gaaffiin deebii hin qabne soba jedheen amana ani. Barsiisotni waa’ee waanta hin beeknee beeka jedhanii barsiisanis barsiisota sobaati. Dhugaan isaan bira hin jiru. Isaanoo nama gaaffii gaafatutti moggaasa cubbamaa jedhu moggasanii, isa callisee amanutti ammoo qullaawaa moggaasuu qofa beeku. Eeyyen kanuma! Qoqqoodanii moggaasuu beeku. Moggaasuma kanatu sanyiin namootaa garee: Ifaa fi Dukkana, Bitaa fi Bitamaa, Abaaramaa fi Eebbifamaa, Jibbammaa fi Jaallatamaa, Dursaa fi Durfamaa, Mo’aa fi Mo’amaa jedhee addaan qoode. Anaaf kan hin galle garuu isa jarreen kunniin nuti jaalala waaqaa barsiifna jechaa, sanyii namootaa gareen qoqqoodanii walitti naqaniidha. Addunyaan kun maaliif nagaa dhabdee jeeqamti jettee gaafattee hin beektuu? Deebiin saphaadha! Sababuma namootni kunniin beekumsa maqaa moggaasuu malee beekumsa qorannoo fi qoa’annoon mirkanaa’e hin barsiifneefidha. Kana godhaniitu ammoo ofii maqaa qulqulloota jedhuun of yaamu. Namni isaaniin morme cubbamuu isaati. Osoo jarreen kun barsiisa waa’ee garee: mo’aa fi mo’amaa; bitaa fi bitamaa; qullaawaa fi xuraawaa jedhuun namoota tokkummaa dhabsiisanii akkamitti nagaan argamaa? Maalumaafuu kan namootaan taphataa jiru namoota gaaffii gaafachuu namoota dhorkaniidha. Gaaffiin kamuu gaafatamuu qaba. Waanuma naannoo kee jiru kamuu yoo gadi fageenyaan qoratte gadi fageessitee hubatta. Namootni qarooman asirraa eegalaniitu achi ga’aniifan jedhe. Kanaafuu; atis moggaasa qofa hin amanin! Dhugaa baruuf hidhannoo kee gaaffiin jabeessi malee!
BOQONNAA SAGAL
Of Ijaaruu
Namni kamuu jireenya hawwataa jiraachuuf jiruu isaa dhaaba tolchuu qaba. Jiruun dhaaba tollaan jireenyi bareedee mul’ata. Jireenya ofii dhaaba tolchuun kun ammoo ifaajjii booda argama. Namootni addunyaa kanarra jiraatan hunduu diina jireenyaa ni qabu. Diina jiruu fi jireenya namootaa diiguu fedhutu jira jechuu kooti. Diinni kun rakkoo jedhamee beekama. Rakkoo jireenya namaa diigu kana mo’atee jiraachuuf namni jireenya isaa dhaaba tolchee ijaarrachuu qaba. Yoo ijaarsa tolan rakkoo kamuu ni dandamatu. Ifaniis mul’atu. Hin fokkisan. Silaa jireenyi namaa waanuma xiqqoon hin diigamu, hin kufu, hin duufus ture. Haa ta’u malee jireenyi namootaa rakkoolee hedduu farra jireenyaa ta’aniin marfamanii argamu. Rakkooleen jireenyaa kunniin uummata Afrikaa birattimmoo irra jireessaan danoomanii mul’atu. Keessumaa kan biyya keenyaammoo waan jechaa nama dhabsiisa. Osoo dirreen ittii rakkoo lolanii mo’atan jiraatee, silaa isa dhabamsiisuuf nu caalaa namni itti duulus waanuma jiru hin fakkaatu. Tarii nama hidhannoo bitee ykn gurmuu ijaaree rakkootti nu duulchisutu dhabame ta’innaa laata? Akka beektotni jedhanitti rakkoo furuuf jalqaba madda rakkoo beekuutu dursa. Maddi rakkoos sababaalee gurguddoo lamarraa akka dhufan ibsu. Maddi rakkoo 1ffaan sirna (system) yoo ta’u, inni lammataa ammoo namoota dhuunfaati (individuals). Akka ibsa kanaatti sababa sirnaan rakkoon uumamu sababa sirnoota akka; siyaasaa; dinagdee; amantaa fi aadaa fa’iini. Ibsa gama dhuunfaatiin ammoo namni kamuu rakkoo uumamuuf sababa ta’uu akka danda’u hubanna. Sirna uumuufis ta’e sirna uumame hojiitti hiikuu ykn dhiisuun ga’ee namoota dhuunfaati. Egaa rakkoo akka gareetti namoota mudateef namni tokko nama biraatti quba qabuu dura, ofitti quba qabuu qaba jechuudha. Rakkoon garee yeroo baayyee sababa rakkoo dhuunfaatiin uumama. Namootni rakkoo uumamuuf itti gaafatamummaa fudhachuu hin fedhan. Qooda kanaa ‘abalutu akkas godhe’ jechuu filatu. Silaa rakkoo uumame furuuf namuu waan danda’u gumaachuutu irraa eegama ture. Maarree, nutis kanumaaf namni akkamitti dhuunfaan of-ijaaruu danda’a jennee gaaffiin eegalle. Eeyyen, of ijaaruun waan hunda ijaaruu dursa. Of ijaaruun kun isa garee yookiin dhaaba woyii ijaaran sana jechuu miti. Inni jennu kun ijaarsa isa dhuunfaa ofii irratti xiyyeeffatuudha. Kan garee ta’ee ijaaramus ida’ama namoota dhuunfaati. Mitii ree? Kanaafuu ijaarsa garee kan dursu ijaarsa dhuunfaati. Namootni dhuunfaa dhuunfaa isaaniitti osoo of ijaaranii silaa gareen isaan ijaarratanis ijaarsa tola ture. Ihim! Dhuunfaan of ijaaruu jenneerra! Mee waa’een dhuunfaan of ijaaruu kun maal akka ta’e hubachuuf simarraa haa eegalluu? Atumti kun dhuunfaa keetiin akkamitti of ijaartee jirataa? Atis yoo ijaarsa tolte nu hawwattaafani. Nu hawwannaan ammoo faana sidhoofna. Yoo ijaarsi kee bu’ura hin tolle garuu ni duufta. Ni fokkista. Silaa gara kee eenyutu ilaalaa? “Eci! Muu! Fokkisaa! Fokkistuu! Duufuun kee nurrattis jiguufi! Abadan nurrattimmoo hin jigdu!” fa’a jenneetu silaa achi sirraa baqannaam. Eyyen kanaaf ijaarsa kee qoranna. Namni ijaarsa bade ni fokkisa. Hubataan dursa of ijaaruu filata. Wallaalaatu of-irraanfatee kan biraa ijaaruf hiixata malee. Namootni ijaarsa of balleessaniitu kan biraammoo komatu.Fknf: Osoo jireenyi kee fokkisaa ta’ee silaa akkati “sababa abaluufan akkas ta’e” jettu nan beeka. Silaa namootatu ijaarsa naballeesse jettee akkati komii dhiyeeffattus nan hubadha. Sun garuu dhimma kiyya miti. Tariimmoo ‘waaqatu bedengeree na uume malee ani maalan ofitti balleesse’ jechuus ni malta. Sunis nandhibu. ‘Ani carraa hin qabu!; Carraa dhabuutu jireenya koo ijaarsa balleesse’ jechuus malta. Sunis dhimmuma keeti. Anaan maaltu dhiberee? Jireenyi kee dhaaba toluu didee yoo jiguuf achi duuffate ykn dibataa fi galtee jireenya kee bareechan dhabee yoo fokkises dhimma keeti. Anaan ijaarsi jireenya keetii ofitti nan hawwatu taanaan galagaleeyyuu sin ilaalu. Eyyen, nanamni kamuu jireenyuma ijaarsa tolee, ofitti nama hawwatuu qofa faana dhahuu fedha. Sababnis kanuma isa jireenyi tolteefii dhaga’uutu tola. Akka beektotni jedhanitti jireenya ati jiraattu kamiifuu kan sababa ta’u, dhibbeentaan 90(90%) gocha keetiin yoo ta’u, dhibbeentaan 10(10%) ammoo carraadhaan ta’uu isaati. Namootni jireenya isaaniif sababaalee akka: waaqaa; carraa ykn gocha namoota kan biroo ibsatu. Ta’us, irra jireessaan jireenya isaanii bareechuus ta’e balleessuuf sababni matuma isaaniiti. Jireenyi dhuunfaa akkuma abbaan ijaaretti ijaarama. Yoo tolchan ni tola. Balleessan ni bada. Kanaafuu jireenyi kee ammaa kun yoo fokkisaa jiraate, kan ijaarsa balleesse sima mataa keti. Yoo bareedaa jira ta’emmoo kan ijaarsa tolches sima jechuudha. Eyyen dhuguma! Dhugaan sitti hima! Ati yeroo kana jireenya keef waanuma olkeesse jiraataa jirta. Haa ta’u malee jireenyi kee har’aa kun akkanumatti hin hafu. Kanaan boodas isa fokkise bareechuu fi isa tolemmoo balleessuun harkuma kee jirti. An amma Oduu cabsaan sitti himuuf deema! Innis ‘ammaa kaaftee jireenya kee tolchitee ijaaruu akkati dandessudha! Eyyen kanuma. Ni danadeessa! Akkamitti jechuun kee hin oolu. Kunis gaaffichi gaariidha. Namni kamuu jireenya isaa tolchee ijaarrachuuf galtee ijaarsa jireenya namootaaf bu’ura ta’an sadan fayyadamuu qaba. Galteewwan sadan kanneen namni sirnaan fayyadame jireenya isaa tolchee ijaarrata. Galteewwan ijaarsa jireenya namaaf bu’uura ta’an kunniin;- 1) Qorqalbii (Psychology) 2) Soorata fi 3) Sochii qaamaa(sporting) fa’i. Isaan armaan olii kana sadan namootni yoo sirnaan itti fayyadaman boca jireenya isaanii ni bareechatu. Akka malee itti fayyadamuun garuu balaa qaba. ulfaadhu xumureera!
Barreessaan Of-Ilaallee Barsiisaa(lecturer) Amaanuel Oljirraa:- wallaggaa lixaa, aanaa Mana Sibuu, magaalaa Mandiitti abbaa isaa obbo Oljirraa Duuloo fi haadha isaa aadde Shaashituu Gudduu irraa Mudde 21, 1992 A.L.A tti dhalate. Amaanu’el osoo ijoollummaan jiruu abbaa isaa du’aan dhabuu iraan kan ka’e gargaarsi abbaan isaa gochuufii qabu jalaa danqamus, jajjabina fi gargaarsa haadha isaatiin gargaaramaa guddate. Haalli mijataan dhabamus, Amaanuel barnoota isaa sirnaan waan hordofaa tureef, kutaa 1ffaa hanga 12ffaatti sadarkaadhaan 1ffaa ba’aa ture. Bornoota isaa kutaa 1 hanga 8ffaa, mana barumsaa Mandii Dirree Xiyyaaraatti baratee xumure. Bara 2008 ALA tti qormaata kutaa 8ffaa qabxii ol-aanaa galmeessuun gara kutaa 9ffaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Mana Sibuu Mandiitti darbe. Achittis kutaa 9ffaa hanga 10ffaa baratee erga xumuree booda, qormaata biyyoolessaa kan kutaa 10 ffaa qabxii 4:00 galmeessuun gara mana barumsaa qophaa’inaa Mana Sibuu Mandiitti darbe. Bara 2012tti qormaata seensa yuunversitii kan biyyoolessaa kutaa 12ffaa qabxii ol aanaa galmeessuun carraa yuniversiitii argate. Sana booda filannoo isaa irratti hundaa’uun Yuuniversiitii Haramaayaatti akka baratu erga taasifamee booda barnoota sadarkaa olaanaaf gara Yuuniversiitii Haramayaatti imale. Turtii yuuniversiitii kan bara 2012/13 hanga 2016 tti taasifameenis, Amaanuel akkuma baratame qabxii gudda galmeessuun sadarkaa badhaasaan (distinction) digirii isaa jalqabaa oogummaa fayyaatiin Adoolessa 9,2016 tti Yuunversiitii Haramaayyaa irraa eebbifame. Sana booda Yuunversiitiin Haramaayyaa Amaanu’el barsiisaa ta’ee akka tajaajiluuf filatee achumatti hanbifate. Achumattis carraa barnootaa digrii lammaffaa argatee barumsa isaa itti fufuun, sadarkaa baay’ee olaanaa(great distinction) ta’een, Adoolessa 6, 2019tti eebbifame. Yeroo ammaa kana Amaanuel Yuniversiitii Haramaayyaatti sadarkaa Lecturer ta’een barsiisaa yuuniversiitichaa ta’ee dalagaa jira. Amaanuel barnoota isaa cinattis fedhii beekumsa garaa garaa horachuu waan qabuuf, amantaalee haawwaasni isaa hordofan kanneen akka Kiristaanummaa, Isilaamummaa fi Waaqeffannaa Oromoo hunda seenee qorachaa fi barachaas ture. Barreessaa fi barsiisaan kun kana dura kitaabbilee Mucuca Kufaatii, Qaroomina Qaruu, Ilaalcha Misoomaa, Falmii Dhugaa jedhaman PDFn dhaloota qubeef gumaachuun isaas ni yaadatama.
ASTIROONOOMIIN MAALI?
Astiroonoomiin saayinsii waa’ee qaamolee atmoosfeerii lafaan (earth) alatti argaman kanneen akka: pilaanetotaa, gaalaaxota, urjiilee, koomeetii, aastiroyidiifi hawaa mataa isaa kan qo’atu yemmu ta’u, hikkaa kallatti isaa yemmuu ilaallu immoo jechi astiroonoomii jedhu jecha giriikii ‘astron’ urjiileefi ‘nomia’ seera jedhu irraa kan dhufeefi hikkaa waliigalaa seera urjiilee jedhu kan qabu dha. Yeroo baay’ee jecha astiroonoomii, astirooloojiifi astiroofiziksii namoonni garaagarummaa isaanii adda baasuun yeroo isaan rakkisu argina, kanatti aansuunis akka armaan gadiitti garaagarummaa isaanii adda baasee isiniif ibsuuf kanan yaalu ta’a.
Astiroonoomiin saayinsii uumamaa qo’annaa waa’ee qaamolee hawaa keessatti kan xiyyeeffatu dha. Astiroofiziksiin immoo damee astiroonoomii ta’ee, fiziksiifi herreega (mathematics) hawaa kan qo’atuufi innis uumama hawaa ibsuuf seerota fiziksii kan fayyadamu dha. Jechi Astiroofiziksii jedhus hiikkaa fiziksii urjiilee jedhu kan qabudha.
Astirooloojiitti yeroo deebinu immoo, Astirooloojiin hiikkaa urjii lakkaa’uu kan qabuufi seerota fiziksiin itti fayyadamu irratti hojiirra kan hin oolledha. Akkasumas uumama ibsuuf kan isaan gargaaru seerota uumamaa hinqaban.
Namoonni urjii lakkaa’an (Astiroolojistoonni) pilaanetootaafi aduutti fayyadamuun amalaafi waa’ee namoota dhuunfaa akkasumas wanta gara fuulduraatti isaan quunnamuu danda’u ibsu. Haata’u malee, yaadaan duubatti deebinee yemmuu ilaallu akka galmee seenaa astiroonoomiitti yeroo durii garaagarummaan astiroonoomiifi astirooloojii gidduu akka hin turre ilaalla. yaadni kunis hanga Niikoolaas kopparnikasiifi saayintistoonni kan biroo waa’ee sochii pilaanetoonni aduu irratti taasisan ibsanitti hojiirra oolaa kan turedha.
GAALAAKSOTA
Hanga jaarraa digdamaffaa astiroonoomariin biyya Ameerikaa Edwiin Habli ilaalcha dogoggoraa kanaan dura astironoomaroonni akka gaalaaksiin tokko qofti (miilkiweey) jirtutti qaban guutummaan guutuutti bu’uurarraa kaasee jijjiireera. Haata’u malee, yeroo ammaa galanni teleskooppii hablii (hubble telescope)fi kanneen biroof haa ta’u jechaa, gaalaaksota dhiyeenyatti argaman ija keenyaan arguu dandeenyuu hanga gaalaaksota fageenyarratti argamaniitti baruu dandeenyeerra.
GAALAAKSIIN MAALI ?
Jechi gaalaaksii jedhu, jecha giriikii ‘galaxias’ jedhurraa kan dhufe yemmuu ta’u, hiikkaa miilkiweey (milk way) jadhu qaba. Gaalaaksiin walitti qabamiinsa gaasotaa (gases), dhukkee (dust)fi urjiilee biiliyoonotatti lakkaawamaniiifi sirna soolaarii isaaniiti. Gaalaaksonni kunis, akkuma pilaanetoonni urjiilee isaaniitiin harkifamaniifi addeesoonni pilaaneetota irra marsaniin harkifaman, gaalaaksonis humna giraaviitiidhaan (gravity) kan walharkisanidha.
Gaalaaksonni boca qaban irratti hundaa’uun bakka sadiitti qoodamu. Isaanis:
Gaalaaksota boca sirnaawaa hin taane (irregular galaxies)
Gaalaaksota illiptikaalaa (elliptical galaxies)
Gaalaaksota ispaayiraalii (spiral galaxies)
GAALAAKSOTA ILLIPTIKAALAA boca geengawaa dheeraa kan qabaniifi handhuura isaaniirraa niiwukilasii kan hinqabnedha. Haata’u malee, handhuura isaanii irratti ifa guddaa kan qabaniifi hanguma niiwukilasiirraa gara qarqaraatti dhiyaachaa deemuun, ifti isaanii hir’achaa deema. Ta’uyyuu kun niiwukilasii qabu jechuu miti. Ifti isaaniis urjiilee umurii dheeraafi halluu diimaa qabaniin kan to’atamaniidha. Gaalaaksota kana keessaas, urjiilee, gaasonniifi qaamoleen kan biroo kan facaa’anii argamanidha. urjiileen gaalaaksii illiptikaalaa keessatti argaman umurii dheeraafi hanga xiqqaa kan qabanidha. sababni isaas hammi gaasii (gas) fi dhukkee (dust) uumamuu urjiileef barbaachisanii gadirraa waan uumamaniifi.
Gaalaaksiin ispaayiraalii boca battee kan qabuufi diiskii naannawaa handhuura isaa keessaa niwukilasii caasaa dheeraafi dhiphaa akkasumas hagas mara hinharkifamneen marfame kan ofkeessatti qabatudha. Niwukilasiin isaa handhuura irratti argamus urjiilee umurii dheeraa qaban haalluu dimimmiisaafi holqa gurraacha (super massive) irraa kan ijaaramedha. Gaalaaksiin Andiroomeedaas gaalaaksota boca ispaayiraalii qaban keessaa isa tokkodha. Kanamalees gaalaaksonni ilmi namaa argate keessaa harki torbaatamii torba gaalaaksii ispaayiraaliidha.
GAALAAKSOTA BOCA SINAAWAA HINTAANE boca illiptikaaliis ta’e boca ispaayiraalii kan hinqabnedha. Haata’u malee gaalaaksonni tokko tokko kanaan dura boca ispaayiraalii kan qaban ta’anii garuu sababa humna Giraavitii alaa waqixxaataa hintaaneen kan gargar ba’an yookaan kan adda ba’anidha. Gaalaaksonni kunneenis gaasota (gas)fi dhukkee (dust) hammaan baay’ee ta’an kan ofkeessaa qabanidha. Hamma isaaniin yemmuu ilaallu immoo baay’ee xiqqaafi gara tokko kurnaffaa hanga gaalaaksii milkiweyii (milkyway) ta’u. Walumaagalatti gaalaaksonni kunneen duwaarf gaalaaksii (dwarf galaxy), urjiilee miiliyoona dhibba tokko qabanii hanga gaalaaksota gurguddoo urjiilee tiriiliyonotatti lakkaa’aman kan ofkeessatti haammatanidha.
Qaamolee gaalaaksiin gara alaatti argaman haa turuutii kutaan qarqara diiskii isa mul’atuutiin alatti argamaniyyuu duwwaa miti. Isaanis maatariiwwan adda addaa of keessatti kan qabanidha. Maatariiwwan kana keessaa immoo harki caalaan “dark matter” dha.
Hawaan keenya harki saddeetamii afur maatarii gurraachaan kan guutamedha. Haa ta’uyyuu malee hamma yoonaatti saayintiistoonni waa’ee qaama hawaa keenya hamma guddaan guutee jiru kanaa beeku hin dandeenye . Jiraachuun qaamolee kanaas kan beekamu dhiibbaa isaan urjiilee gaalaaksii isaanii keessatti sochii taasisan irratti taasisaniin, akkaataa gaalaaksonni walii walii isaanii walharkisaniifi akkaataa maataroonni hawaa keenya keessatti wal qabatan irraa ka’uuni. Haa ta’uyyuu malee jiraachuun darki maatarii kan beekame bara 1970 astiroonomeerii Veeraa Ruubini jedhamtuunidha. Qaamni sadarkaa lammaffaa irratti gaalaaksii gara alaatti baay’inaan argamu immoo gaasii ho’aadha, Innis guddini teempireechara isaafi baay’inni argamsa isaa baay’ee ajaa’ibsiisaa dha. Inni itti aanuun sadarkaa saddaffaa qabate immo gaasii duumessaawaa (gas cloud ) dha. Kunis ariitii guddaa maataroota kan biroo gaalaaksota keessatti argaman hunda caalaa kan qabudha.
URJIILEE
Hawaa keenya keessatti gaalaaksota miiliyoonatti lakkaa’amantu argama. Gaalaaksoonni kunniinis urjiilee biiliyoonota kan of keessaa qabanidha . Urjiileen boca, hangaafi haalluu garaagaraa haaqabaataniyyuu malee amaloota waliin qooddatan lama qabu. Isaanis hundi isaanii kan ifa gadhiisaniifi ho’a kan maddisiisan ta’uu isaaniidha.
Urjiileen marsaa jireenya isaanii tokko jedhanii kan eegalan bifa gaasotaafi dhukkee(dust) neebullaa (nebula) jedhamuuni. Sababa humna giraavitiidhaanis neebullaan kun akka diigaman taasifamu. Akkasumas akkuma paartikiloonni saffisaan sochii taasisan teempireecharri isaanii kan dabalu ta’a . Sadarkaan urjii kanaas pirootoostarii (protostar) jedhama. Kana malees yeroo teempireecharri dabalu niwukilasiin haayidiroojiinii, niiwukilasii hiiliyeemii uumuudhaaf walitti hidhamu. Adeemsi kun immoo babal’achuu niiwukilasii “nuclear fusion” jedhamuun beekama. Yeroo kanattis babal’achuun niiwukilasii anniisaa (energy) hedduu waan gadhiisuuf urjiileen akka yeroo dheeraadhaaf “main sequance” keessa akka turan taasisa. Yoo urjiileen kun hamma (size) aduu wajjin wal fakkaataa ta’e qabaate, sadarkaa wal fakkaatuun haayidiroojiiniin urjii kana keessatti argamu dhumuu jalqaba. Yeroo kanas humni giraaviitii gara keessaatti taasifamu irra guddaa humna “fusion” gara alaatti taasisuu ta’a. Kun immoo diigamiinsa urjiilee gara keessaatti taasifamuuf sababa ta’a. akkasumas diigamiinsi urjiilee kun teempirecharri akka dabalu godha. yeroo kana immoo niiwukilasiin hiiliyemii elementoota ulfaatoo (heavy) ta’an uumuuf walqabatu. itti aansuunis urjiileen kun babal’achuu jalqabuun “red giant” uumu. sadarkaa ta’ettis “red giant” iin kun hiiliyemii baqsuu(fuse) gochuu dhaaba. kanatti aansuun immoo urjileen hammii isaanii irrachuudhaan yoookaan (shrink) gochuun “white dwarf” uumu. ‘White dwarf”iin kunis yeroo dheeraaf walitti makamuu “fusion” gochuu waan hin dandeenyeef suuta suutaan qorrruudhaan dhumaratti annisaa (energy) gadhisuu yeroo dhaabu “black dwarf” iitti jijjiirama. Kunis kan hojjetu akkuma kanaan olitti ibsuuf yaaleetti urjiilee hamma aduu (sun) qabaniifidha. Urjiilee hamma aduu ol qabaniif immoo, akka armaan olitti barreeffameen urjiileen hamma aduun qabdu wajjin wal fakkaatu qaban yeroo babal’atan “red giant” uumu, urjileen hamma aduu ol qaban immoo “red super giant” uumu. Kanatti aansuniis niiwukilasiin hiiliyeemii elementoota ulfaatoo (heavy) uumuuf wal qabatu, haa ta’u malee sadarkaa kanatti babal’achuun niiwukilasii elementoota ayiranii (iron) caalaa ulfaatoo ta’an uumu waan hin dandeenyeef “super red giant”iin kun babal’ina niwukilasii isaa dhaabudhaan urjiileen kunniin akka dho’aniifi dhohinsi “supernova” jedhamu akka uumaman taasisu. Tempireecharri suupper noovaas guddaa waan ta’eef elementoota ayiranii (iron) caalaa ulfaatoo (heavy) ta’an uumuu jalqabu. Akkasumas yeroo suuppar noovaan kun dhohu elementoonni hawaa keessatti faca’u. Dhumarrattis dhohiinsa suupparnoovaa booda hafteen urjiilee kanaa urjiilee niwutiroonii (neutron star) yookiin holqa gurraacha(black hole) uuma.
Suupparnoovaan taatee baay’ee ajaa’ibsiisaa ta’eefi dhohiinsa dinqisiisaa ifa mul’atu torbanootaaf samii keessattii umuudha. Dhohiinsi kunis iddoo gurguddoo lammatti qoodamu.
Gosti suupparnoovaa tokkoffaa sirna urjiilee “binary system “ keessatti uumamuu fi urjiileen kunniinis inni tokko gaafa “red giant” ta’u inni hafe immoo “white dwarf” dha.
Gosti suupparnoovaa inni lammaffaan kun immoo yemmuu urjiileen “red giant” yookiin “red super giant” dhohan kan uumamu dha.
Erga bara 1932 “james chadwik” urjii niiwuutirooni argatee booda saayintiistoonni hedduun jiraachuu urjiilee niiwutiroonii mirkaneessaniiru. Urjileen niiwutiroonii haftee dhohiinsa “supernova” irraa kan uumamu ta’anii niiwutirooniin isaaniis kan baay’ee walitti dhiyaataniifi humna giraavitiifi maagneetii guddaa kan qabaniidha.
Akkuma kana dura waa’ee marsaa jireenya urjiilee ilaaluuf yaaleetti urjiileen hanga aduu ol ta’e qaban dhuma jireenya isaaniirratti holqa gurraacha uumu. Holqi gurraachi (black hole) maqaa kana kan argate saayintiistii biyya ameerikaa “JOHN WHEELER” jedhamuunidha. Jalqaba maqaa “black hole” kan fayyadamuu eegale “john wheeler” haa ta’uyyuu malee saayintistoonni “john wheeler” dura turan jiraachuu qaama kanaa kan beekaniifi maqaa “dark bodies or black star “ jedhamuun waamaa turani. Maqaa “black hole” jedhu kan argate haalluun isaa gurraacha waan ta’eef osoo hin taane iftii qaama kana keessa yoo seene ba’uu waan hin dandeenyeef haalluu gurraachaan wal bira qabamee ibsama. Haa ta’u malee yaadni ammayyaawaa “black hole” kan dhiiyaate bara 1916 saayintiistii beekamaa addunyaa keenyaa kan ta’e “Alberti Ayinistaayiniin” general relativity theory” kan jedhamuunidha.