text
stringlengths
0
196k
1) Dabballee 1-8
2) Qarree duraa 9-16
3) Qarree duubaa 17-24
4) Kuusaa 25-28
5) Raaba 29-36
6) Doorii 37-40
7) Gadaa 41-48
8) Baatuu 49-56
9) Yuuba 57-64
10) Yuuba guddaa 65-72
11) Jaarsa guduruu 73-80
12) Jaarsa qululluu 81-88
13) Jaarsa raqeeya 89-96,
14) Giniya 97- du’aati.
Haala kanaan hangi bulchiinsa nama gadaa hogganuu turtii woggaatiin kan murtaa’u (woggaa 8) ta’uu isaa mul’isa. Bara himuu keessttimmo, ji‟aa olitti kan lakkaawamu woggaa dha. Walumaa galatti Oromoon, beekaa isaa fayyadamee urjilee fi ji’a qorachuun qaroomina isaa qarachaa ture.
BOQONNAA KUDHA TOKKO
Qabeenya
Jechi qabeenya jedhu hiree ofii qabaachuu ibsa. Namootni hiree isaanii ibsachuuf, yeroo isaan“kuni qabeenya kooti, sunimmoo kan abaluuti” jedhan arguun waanuma baratameedha. Haala kanaan namootni qabeenya garaa garaa hiratanii ykn horatanii qabu. Qabeenyi ammoo kan garee fi dhuunfaa ta’uu ni mala. Kanas qabeenya isaa, qabeenya ishee, qabeenya kee, qabeenya koo, qabeenya isaanii fi qabeenya keenya jechuun namootni qabeenya yeroo qoqqooddatantu argama. Qabeenyi namootaan qoodame kun baay’een isaa qabeenya oomishame qofa osoo hin taane, qabeenya lafti uumamaan namoota badhaafteedha. Namootni muraasni hiree baay’ee qabenyaan badhaadhe hiratu. Gariin ammoo waan hiratan dhabanii kaaniin kadhatu. Akkasumatti gariin namootaa qabeenya lafa irrati uumamni namoota hunda badhaafteen duroomanii misoomu. Gariin ammoo hiyyoomanii jireenya waaddii fakkaatu keessa jiraatu. Hireen qabeenya lafaa kun dhiibbaa namootaa(dorgommii garaa garaa) fi fedhaan kan dhuunfatamu ta’uus ni mala. Qabeenyi haala kanaan namoota gidduutti kan hiramu ta’uu isaati. Hiree uumamni nama badhaasteen namni kamuu qabeenya lafti qabdu mara ni qaba. Laftis namoota fi waanta isheerra jiraatan mara qabdi. Lafti ammoo qabeenya hawaati. Hawaan lafa dabalatee waantota hawaa keessa jiran mara qabdi. Kanaafuu laftis namnis qabeenya hawaa ta’uu isaaniiti. Namni gaafa dhalatu lubbuu isaa qofa waliin dhalata. Hawaatu lafti akka jireenya namootaaf mijatu godhee qabeenya ishee laata. Qabeenya ishee kanas hawaan namootaaf mirga waan fedhan gochuu waliin badhaafte. Kanumaan yoo fedhan misoomsuu ykn balleessuu mirga namootaa goote. Yoo fedhan walsaamanii fedhanis qixa hirachuun namootaa kanaaf mirga ta’e. Yoo fedhan qabeenya lafaa qofatti, fedhanis qabeenya kan biroo hawaan qabdu hundaa abuuranii itti fayyadamuunis mirga namootaati. Kun dhimma hawaa miti jechuufani. Namootni gaafa Ardii Ameerikaa ishee dhokattee turte barbaadanii argatan sana hawaa gaafatanii miti. Gaafa ilaalchi misoomuu eegaladha malee. Har’as qabeenya bakka biraa jiru barbaadanii argachuu fi dhiisuun mirga namootaati. Kun hiree miti. Dandeettii fi ilaalcha sammuu misoomeeti. Qabeenyi lafa kanarratti hiika mataa isaa qaba. Qabeenyi (resource) waantota jireenya namaaf barbaachisoo ta’an hunda dhuunfata. Qabeenyi waantota namni itti fayyadamee jireenya isaa addunyaa kanarra ittiin tursuu fi kunuunsu ta’uu isaati. Kun ammoo qabeenyi kan uumamaa fi namtolchee ta’uu akka malan mul’sa. Walumaa galatti qabeenyi:-albuda, qilleensa, bishaan, soorata, biqiloota, bineensota, da’oo/mana jireenyaa, bakka oomishaa, meeshaalee, maallaqa, yeroo fi humna namaa fa’i. Waantotni kunniin jireenya namootaaf barbaachisoo haa ta’an malee namootni lafarra jiraatan hundi wal qixa hin qaban. Qabeenya namootni walqixatti qabaachuu malan yeroo(time) fi nama ta’uu isaanii qofa. Namootni biyya tokko keessa jiran halkanii fi guyyaa walqixa qabu(sa’a 24) jechuu dha. Yeroo walqixa qabaatanis namootni hundi walqixa yerootti fayyadamu jechuu miti. Itti fayyadamuu fi dhiisuun mirga jechuuf malee. Sooressaaf guyyaan sa’atii 25 ta’ee hiyyeessaaf ammoo sa’atii 23 hin ta’u. Guyyaan tokko waluma qixa sa’atii 24 qaba. Yeroon (time) qabeenya qaalii ta’ee kan beekamu ta’us namootni baay’een yeroo isaanii gatii malee qisaasessu. Namootni akkasii kunniin yeroo isaanii namoota biroo wajjin wal qixa hin fayyadaman. Namni qabeenya hedduu qabu isa hin qabne irraa yeroo isaa bitee qabeenya dhuunfaa isaa godhata. Fakkeenyaaf:Hiyyeessi tokko dalagaa sa’atii tokkoo yoo sooressaaf hojjetee qarshii 5 argate, sooressichi ammoo dalagaa sanarraa qarshii 10 buufachuu mala. Gama biraan gariin namaa sa’a 16 hojjetee sa’a 8 qofa boqota. Gariin ammoo sa’a 8 qofa hojjetee sa’a 16 boqota. Kaanis dalaguu dhiisee akkasumaan yeroo isaa qisaasaa oola. Yeroon darbe ammoo duuba hin deebi’u. Garaa garummaa namoota gidduutti uumuu kan malu tokko haala itti fayyadama yerooti. Gosa hojii kamuu keessatti yerootti sirnaan fayyadamuu dhabuun jireenya hiyyummaa keessatti nama hanbisa. Qabeenyaan duroomuuf karoora osoo hin qisaasin dalaguu nama gaafata. Karoorri yerootti sirnaan fayyadamuu ibsa. Namni kam qabeenyaan duroomuuf karoorati fayyadamuu qaba. Karoorri nama jireenya mijataa fedhu hundaaf ni barbaachisa. Kunis barataaf, daldalaaf, hojjetaa mootummaa fi qotee bulaa hundaaf sirnaan kan barbaachisu ta’uu isaati. Yerootti fayyadamuun dorgommii jireenyaa hedduu waliin hidhata qaba. Dorgommiin taasisfamu baay’een rakkoo jireenyaa mo’achuufi. Rakkoo mo’uun ammoo ifaajjii jireenyaa hir’isa. Jireenyi dorgommii malee hin mijatu. Dorgommiin jireenya mo’achuuf taasifamu: shaakaluu, barachuu, qo’achuu fi tooftaa uummachuu fa’i. kun hundi ammoo yeroo gaafata. Namni fiigicha dorgomu tokko fiigichaan dorgomee mo’achuuf isa fiigu waliin fiiguu gaafata. Malee yeroo kaan fiigu innimmoo deemaa ykn taa’aa mo’uu hin danda’u. Isa fiigu dorgomuuf fiiguun dirqama. Saffisa ammoo yeroo, dandeettii fi gosa dorgommiitu murteessa. Dorgommiin jireenya mo’uu ykn mo’atamuu murteessa. Dorgomuuf qabeenyi murteessaadha. Qabeenyi beekumsa, tooftaa, dandeettii, meeshaa fi baajeta dorgommii mo’uuf taaasifamu daran saffisiisa. Dorgommii kamiinuu mo’achuuf qabeenyi (dinagdeen) barbaachisaadha. Walumaagala yerootti fayyadamuun qabeenya argamsiisa. Qabeenyi ammoo dorgommii jabaa mo’achuuf hedduu barbaachisa. Dorgommii mo’annaan, dursaa ta’u. Dursaa taanaan maal ta’uu? Namootni dorgommii isaan taasisan keessaa tokko,dorgommii qabeenya dhuunfachuuti. Sababni namni ittiin garboomee fi garboomfataa jirus baay’een isaa kanumaani. Haala kanaan namootni qabeenyaan durooman lafa kanarra akka jannataatti itti tolaa jiraatu. Kanneen qabeenya ga’aa hin qabnemmoo rakkoon waadamanii gubachaa jiraatu. Egaa qabeenyi namoota muraasaaf wadorgommii maqaa beeksifachuuti. Baay’ee namootaaf ammoo dhimma lubbuun jiraachuufi dhabuuti.
BOQONNAA KUDHA LAMA
Dalagaa
Dalagaan maqaa waaltawaa ‘work’ jedhamuun beekama. Dameen saayinsii uumamaa kan fiiziksii (physics) jedhamu dalagaa; hariiroo humnaafi fageenyaa waliin ibsa. Dalagaan humna murtaa’e fayyadamanii waantota fageenya murtaa’e butuun kan ibsamu ta’uu isaati. Kunis shallagaan: W=FxS. Ilaalchi Misoomaa ammoo xiyyeeffannoo isaa irratti hundaa’ee:- Dalagaan ifaajjii namootni ittiin jireenya isaaniif haala mijeeffatnidha jedheetu ibsa. Hiikni isaa kanas ta’u sana, dalagaan qabeenya jireenya namootaaf barbaachisu argamsiisuuf akkasumas mijeessuuf kan namoota gargaaru ta’uu isaa hubachuuf beekaa ta’uu nama hin gaafatu. Namni jiruufi jireenya isaa keessatti dalagaa woyii dalagee hin beekne jiraachuu hin malu jedheetani. Egaa hariiroo dalagaa fi qabeenyaa keessatti, dalagaan qabeenya argamsiisuuf qofa osoo hin taane, itti fayyadamuufis kan gargaaru ta’uu isaati. Hariiroon dalagaa fi qabeenyaa kun ifa akka ta’utti jecha isa Oromoon:“waanuma olkaa’atan, olka’anii fudhatu” jedhu hubachuun ga’aa natti fakkaata. Dalagaan akaakuu garaa garaa ta’uu mala. Gariin dalagaa humna cimaa gaafatu. Gariin ammoo humna xiqqoo gaafachuu malu. Gosti dalagaa kan ifaajjii garaa garaa namoota gaafatu ta’us, filannoon gosa dalagaa irratti taasifamu: ilaalcha, tooftaa, beekumsa, shaakala, yeroo, fedha, dandeettii, umurii fi fayyaa namootaa fa’i iratti hunda’a. Qabeenyaan duroomuu fi misoomuun filannoo namoota hundaati. Kun ammoo sababa qabeenyi haala jireenya namaa murteessuuf ta’uu isaati. Namootni hundi qabeenya ni fedhu jechuun hundi dalagaas ni fedhu jechuu miti. Namootni qabeenya fedhanii, garuu dalagaa jibban/tuffatanis ni jiru. Fknf namootni biyya(naannoo)isaanii keessatti dalagaa baay’ee akka balfaatti ajeeffatu. Biyya hormaatti ammoo akka urgooftuutti urgeeffachaa dalagu. Kun sababa kaffaltiin isaa walcaaluuf ta’uu ni mala. Ilaalchis biyyaa biyyatti gargari. Kaffaltiin gargar ta’uun dhimma biraati. Ammaaf kan ilaaluuf dirqamnu ilaalcha dalagaati. Egaa amma ilaalchi dalagaa dubbii ijoo ta’uu isaati. Ilaalcha Misoomaatiin yoo ilaalamu dalagaan asitti xiraa’u, achitti hin urgaa’u. Mukti asittis,achittis mukuma of geeddaree warqee hin ta’u. Inni asiitti fincaanii, achittimmoo bishaan miti. Tarii moggaasa isaatu gargar ta’uu mala. Akkuma ilalchaa sani. Dalagaan tokko tokko naannoo muraasa keessatti tuffatamuu mala. Kun ammoo waan qabeenya argamsiisuu dhabe ykn kafaltii gadi aanaa argamsiisuuf qofas miti. Sababa ilaalcha namoota naannoo sanaa irrattis hundaa’uuf ta’uu isaati. Ilaalcha dalagaa tuffachuun kottoonfate jechuudha. Akkuma beekamu ilaalchi dalagaa tuffachuu kun yeroo baay’ee namoota/biyyoota dinagdeen kufoo ta’an biratti mul’ata. Fakkeenyaaf;Itoophiyaan yeroo ammaa addunyaa irratti kan ittiin beekamtu keessaa tokko hiyyummaa isheeni. Hiyyeettii akka taatu kan taasises sababa qabeenya biyyootni kaan qaban dhabdeef qofas miti. Ilaalcha isheetu hin misoomne. Hiyyummaan hanga yoomiitti addunyaaf fakkeenya taati kan jedhuufis deebiin salphaadha. Gaafuma ilaalchi ishee misoome qofa! Namoota beekamoo fi albuuda baay’een badhaatus, hanga ilaalchi kottoonfate hin qajeelletti eessayyuu hin ga’amu. Ilaalchi kottoonfataan kun maal hin goone? Nama sibiila tumee meeshaa ittiin midhaan oomishamu gumaachu, kabajaa dhowwatee mogolee buusa. Namoota biyyaaf oolmaa oolan qooda kabajaa, arrabsoon badhaasa. Maqaa ogummaa dabsee ‘Tumtuu’ jedhee moggaasa ilaalchi kottoonfate. Kanumaan ogeessota qaqqaalii silaa biyya duroomsan mogolee buusaa oola. Asitti kan leellifamu isa dalagu miti. Isa arraba dheeraati. Isa osoo hin dalagin uffata adii uffatee huuba irraa eeguuf dalagaa dhiise. Kan ganda keessa deemee “ani sanyii abaluutii nakabajaa!” jechee oduu misoomsaa oolutu kabajama. Isuma ani gubbaatiin gadi dhufe! Ani sanyii filatamaadha! Anatu siif beeka malee ati sanyii ta’u mti! Ati biyya diigda, animmoo biyyan misoomsa jedhu fa’i. Warruma akkasitti namoota abaaraa, ofii kabajaa namoota kadhataa oolaan fa’atu kabajama. Osoo ta’ee silaa kabajaan warra gaafataniif miti warra dalaganiif ta’uu qaba ture malee. Ilaalcha akkanatti kottoonfate kanafaatu waanta silaa jaabaachuu qabu laaffisee, isa laafuu qabummoo jabeessa. Kanaan aadaan eebbifamuu qabu abaaramee inni abaaramuu qabummoo eebbifamaa jiraata asitti. Osoo dur ilaalchi kottoonfataan diriiree ogummaan sibiila tumuu kabajameera ta’ee, silaa asiis akkuma warra kaanii dinagdeen guddateera ture. Silaa aadaan sibiila tumuu sunis, har’a akkuma warra kaanii guddatee gara ‘tekinooloojiin’ konkolaataa tumuutti olguddata ture. Asii nama gogaa duuguun ‘Faaqii’ jedhee maqaa abaarsa fakkaatu itti moggaasa. Isa achii ammoo’Tanner’ jedheetu ogeessa ta’uu isaa faarsa. Isa asii Qaalluu (beekaa) jedhamu ni abaara. Isa achii Nabiyyii (qaalluu) jedhamu ammoo ni faarsa. Garaagarummaan isaanii garuu faarsuu fi abaaruu qofa. Eeyyee qaalluun qaalluuma, faaqiinis faaquma inni achiis, asis. Akkuma ilaalchaa sanatti maqaatu gargar ta’e malee.
BOQONNAA KUDHA SADII
Lubbuu
Lubbuun kan argamtu lubbu-qabeeyyii keessatti. Lubbu-qabeeyyiin lafa kanarra jiraatan hundi bineensotaa fi biqiloota jedhamanii qoodamu. Kunis lubbu-qabeeyyii kanneen seelii tokkoo hanga seelota tiriliyoonaan lakka’aman irraa uumaman hunda dabalata. Lubbu qabeeyyiin jalqaba lafarratti uumaman uumama seel tokkee bifa baakteeriyaa qabanidha. Kun ta’uun ammoo naannoo waggaa biliyoona 4 ta’uun tilmaamama. Lafarratti uumamuu lubbu qabeeyyiif sababni elementoota barbaaachisoo kanneen akka Caarboonii (C), Naayitroojiinii (N), Oksiijiinii (O),Foosfarasii (P), Haaydroojiinii(H), fi kkf jedhamanidha. Isaan kunniin ammoo wal nyaatiinsa kemikaalaa adeemsisuun waantota barbaachisoo kanneen akka bishaanii (H2O), ‘pirootiinii/amiinoo asiidota’ (H2NRCH2COOH), ’kaarbohaaydreetota (CH2O)3n fi kkf uuman. Isaan kunniin kutaalee seelii kanneen organeloota jedhaman garaa garaa uumamuuf waantota barbaachisoo ta’anidha. Egaa haala kanaan seeliin jalqabaa lafarratti uumamuu danda’e jechuudha. Uumamuu seelii jalqabaa booda seelotni haaraan ammoo seelii jalqaba uumame sanarraa uumamaa dhufan. Gabaabumatti lubbu qabeeyyiin jalqaba adeemsa kanaan lafarratti uumamuu danda’an jechuudha. Lubbu-qabeeyyiin tokko lubbuqabeeyyii jedhamuuf ulaagaalee akka:-soorachuu, xuraawaa qaama keessaa baasuu, walhoruu, arganuu fi kkf guutuu qaba. Lubbu-qabeeyyiin lafa kanarratti walii isaanii irratti hirkatanii jiraatu. Lubbu-qabeeyyiin tokko jiraachuuf lubbu-qabeeyyii kan biraan jiraachuu qaba. Bineensotni jiraachuuf biqilootni jiraachuun dirqama ta’uu isaati. Biqilootaafis jiraachuun bineensota garaa garaa barbaachisaadha. Fkf:- biqilootni Oksiijinii(O2) maddisiisuuf Carboondaayoksaayidii (Co2) bineensota irraa argachuu qabu. Adeemsi kun gosti hargansuu isaanii gargar ta’uu isaa kan ibsuu dha. Gama biraan garaa garummaan hargansuu kun mala lubbu-qabeeyyiin garaa garaa ittiin soorata qopheeffatanii fi xuraawaa ammoo of keessaa baasuuf itti fayyadaman ta’uus agarsiisa. Sooratni madda annisaati. Annisaan lubbu-qabeeyyiin itti fayyadaman hundi ifa aduurraa argama. Annisaa aduu kana ammoo jalqaba soorata keessatti kuusuu kan danda’u biqiloota qofa. Bineensotni annisaa soorata biqilootaa keessatti kuufame kana argachuuf biqiloota soorachuun dirqama. Kanneen biqiloota hin soorannes isa bineensotni biroon biqiloota sooratanii foon isaanii keesssatti kuufatan soorachuun argatu. Haaluma kanaan lubbu-qabeeyyiin annisaa ittiin sochii geggeessan argatu jechuudha. Namnis lafa kanarra jiraachuuf biqiloota ykn bineensota soorachuu qaba. Akkasumas gosootni lubbu-qabeeyyii xixiqqoo akka baakteeriyaa fi vaayiresootaa muraasnis jiraachuuf namootni jiraachuun isaanii dirqama. Lubbu qabeeyyiin garaa garaa jiraachuuf qilleensaa fi soorata akkasumas bakka jireenyaa walfakkaatu hin fayyadaman. Baay’een isaanii harganuuf oksiijinii (02) fayyadamu. Gariin ammoo kaarboondaayoksaayidii(Co2) fayyadamu. Baay’een isaanii tempireechera daree fayyadamu. Gariin tempireechera baay’ee gubaa keessa jiraatu. Gariin ammoo baay’ee diilalla’aa keessa jiraachuu filatu. Lubbu qabeeyyii baay’een bishaan keessa jiraatu. Gariin ammoo bishaaniin ala jiraatu. Kanneen bakka lameen jiraachuu danda’anis jiru. Walumaagalatti haalli jireenya lubbu qabeeyyiin garaa garaa lafa kanarraa ittiin jiraatan gargari. Egaa osoo akka carraa haalli mijataan gosti lubbu qabeeyyiin tokko lafarra ittiin jiraatu jalaa jijjiiramee, silaa carraan lubbuun jiraachuu isaanii rakkisaa ta’uu isaati. Fakkeenyaaf gosti lubbu qabeeyyii daayinoosaras jedhaman sababa jijjiiramni tempireecheraa yeroo ta’e tokko lafa kana mudateen akka baduu danda’antu himama. Kunis sababa wanti gubaan tokko samii keessaa lafarratti kufee turerraan kan ka’e ta’uu isaa qorattootni ibsu. Daayinoosaras lafa kanarraa guutummaatti baduun isaanii kun kan mul’isu sababa ho’a cimaan yeroo sana isaan mudate dandamachuu dadhabaniif ta’uu isaati. Haalli kun lubbu-qabeeyyiin sababa jijjiirama qilleensa baramaatiin dhabamuu akka malan kan namatti mul’sudha. Osoo akka carraa rakkoon akkasii kun yeroo hin beekamne tokkotti namoota mudatee, silaa namni akkamitti/ eessa jiraachuu danda’a jettee yaadda ta’a? Rakkoo kana dandamachuuf namootni qophii akkamii gochuu qabu jettees tilmaamuun kee hin oolu? Ati hoo akka ofii keetiitti har’a maalfaa gochuutu sirraa eegama jettee yaadda? Deebiikee situ beeka. Waantota jiraachuufi dhabuu lubbu qabeeyyii murteessan keessaa tokko soorata argachuudha. Dhimma kana ilaalchisee haalli jiraachufi dhabuu isaanii kan murteeffamu keessaa tokkoo nama. Haa ta’u malee namootni soorata argachuu fi dhabuun sababa waantotni soorataman dhabuu malaniif qofa miti. Namni tokko soorata argachuu fi dhabuun isaa irra jireessaan ilaalcha isaatiin murteeffama. Ilaalchi namaa filannoo gosa soorataa kan murteessu ta’uu isaati. Ilaalchi ammoo beekumsas ni dabalata. Beekumsi faayidaa fi miidhaa gosti soorataa tokko qabu irratti hundaa’anii soorata filachuu namootaa ibsa. Ilaalchi ammoo aadaa, amantaa, beekumsaa fi kkf irratti hundaa’anii gaarii fi badaa ta’uu soorataa kan filatan ta’uu namootaa ibsa. Beekumsa fayyadamanii fayidaa fi miidhaa soorataa hubatanii soorata filachuun wal nama hin dhabsiisu. Waanti tokko yoo nama soorate tokko miidhe,wantichi namoota kan biroos miidhuu waan maluuf ta’uu isaati. Haa ta’u malee sooratni sun bifaa fi amantaan gargar qoodee namoota kan miidhu miti. Kunis sababa sooratni faranjii miidhe tokko gurrachas miidhuu maluufidha. Sooratni Kiristaana miidhu Isilaamas hin dhiisu. Namni namuma jechuufani. Namoota biyya Chaayinaa jiraatanii fi kanneen biyya Itoophiyaa jiraatan bifaan yoo ta’e malee maaliin adda baasu. Yoo ilaalchi gargar ta’e malee hunduu namuma. Mitii ree? Egaa sababa Ilaalchaaf jecha soorata garaa garaa filatanii soorachuun namootaa kun dubbii ijoo ta’uu isaati. Lafa kanarra biqilootaafi bineensotni baay’een jiraatanis namootni hundi waantota walfakkaatu hin sooratan. Ilaalchuma! Namootni baay’een osoo bineensotni foon qaban baay’een naannoo isaanii jiranii beelaan du’u. Kaaniif ammoo waanti foon qabu kamiyyuu isaaniif soorata wal hin caalledha. Foonni foonuma jedhanii sooratu. Gariin ammoo foon abaaramaa fi eebbifamaan akka jiru himatu. Gariin namootaa biqiloota qofa malee foon waan jedhamu hin fayyadaman. Kanaaf ammoo sababni isaan akka ijootti himatan “namni ofii foon ta’e akkamitti foon soorata”ilaalcha jedhu fa’i. Ati hoo? Waa’ee soorata garaa garaa irratti ilaalcha akkamii qabda? Osoo waanti hundi dhumee harreen addunyaa kanarratti haftee silaa ati ni sooratta moo agabuu duuta? Ilaalchuma kee akkati ilaaltuufani. Namoota baay’eetu allaattii ajjeesee gata. Lukkuu ammoo qarshii baasee bitee soorata. Kunis ilaalcha. Ilaalchi kun ammoo kottoonfataa ykn diriiraa ta’uu fi dhiisuu isaas atumti murteessi jedheetan dhiise.
BOQONNAA KUDHA AFUR
Tooftaa Jireenyaa
Wantotni lubbuu qaban hundi jiraachuu fedhu. Jireenya fedhan jiraachuuf ammoo haala mijataa jiraachuuf isaan barbaachisu argachuunis dirqama. Lubbu-qabeeyyiin kamiyyuu haala jiraachuuf isaan dandeessisu keessa jiraachuu fedhu. Kun ammoo sababa waantotni jiraachuu isaaniitti gufuu ta’uu malan hedduun jiraniifi. Kanaaf jecha jireenya mijataa jiraachuuf akkasumas sanyii isaanii jireenya itti fufsiisuuf lubbu-qabeeyyiin hundi tooftaalee garaa garaatti fayyadamu. Waantotni akka: soorataa, bishaanii, qilleensaa, da’oo fa’a jireenya lubbu-qabeeyyii lafarraaf kanneen bu’uuraati. Haa ta’u malee waantotni barbaachisoon kunniin yeroo hunda salphaatti kan argaman ta’uu dhabuu malu. Kunis sababa garaa garaan haalli waan mijachuu dhabuu maluufi. Haalli mijatus, mijachuu baatus garuu lubbu-qabeeyyiin jiraachuuf waantota bu’ura ta’an kanneen argachuun dirqama. Kanaafuu tattaafii jireenyaa gochuun lubbu-qabeeyyii kamiifuu dirqama ta’uu isaati. Waantota jireenyaaf bu’uura ta’an argachuuf haalli mijataan kan hin jirre yoo ta’e, ifaajjii garaa garaa gochuun dirqama jiraachuuti. Yoo haalli mijataan jiraates, ifaajjii jireenya isaanii salphisuuf diqamu. Ta’uu baannaan jireenya gadadoo jiraatu. Inumaa jiraachuun rakkoo ta’uu mala. Kanumaan jireenya garaa garii jiraatu. Inni kaan furdatee kaanimmoo qallata. Kaan soorachuuf yoo adamsu. Kaanimmoo miliquuf mala dhahata. Haxaariin gamnaa inni akka namaa ammoo dhibee kamiifuu daawaa woyii soqa. Namoonnis akkuma malaaf amala isaanii wal qixxummaa hin qaban. Kanumatu inni kaan jabaatee kaanimmoo akka laaffatu, Kaan duroomee kaanimmoo akka hiyyoomu taasisa. Ifaajjii jireenyaa keessatti lubbu-qabeeyyii kanneen rakkoo baqachuuf miilla yookaan baallee hin qabnes, waanuma akka qoraattii ykn daannoo woyiitiin eegumsa godhatu. Kanneen akka margaa baay’een isaanii qoraattii, baallee fi miilla ittiin diina isaanii miliqan hin tolfannes ni jiru. Garuu erga dheedamanii booda qixa dheedichaan madoofte sana deebisanii dhidhiibbatu fa’i. Tarii baalaa fi damee kan biraa baafatu. Kanumaaf jecha baqachuu fi daannoo woyiitiin of eeguu dhiisanii dheedamus fakkaata. Moo isa kaaniin jiraachisuuf kana godhan laata? Tariimmoo karoora fuulduraa malee ammatti miliqanii jiraachuu kanaaf hin qophoofne ta’innaa? Sanas ta’u kana, ifaajjiin biqilootnii fi bineensotni kamiyyuu ofii isaaniis ta’u sanyii isaanii lafa kanarra barabaraan ittiin jiraachisuuf godhan ga’aa taanaan rakkoo hin qabu. Gadheen yoo jireenyi isaanii fuulduraaf shakkii jala kan jiru ta’e qofa. Wanti barbaachisaan lubbu-qabeeyyiin balaa dhufu jalaa hafanii jireenya isaanii itti fufsiisuu danda’uu isaaniiti. Balaa kamiinuu miliqanii yookaan dandamatanii jiraachuu danda’uun kun dubbii ijooti. Dhimmi kun namoota hundas ni ilaallata. Lubbu qabeeyyiin kamiyyuu waantota jireenyaaf isaan barbaachisu dhabnaan, guutummaatti lafa kanarraa baduu danda’u. Haa ta’u malee waantota balaa uumuu malan kamiyyuu qolachuuf tooftaa garaa garaatti fayyadamu. Tooftaaleen kunniin ammoo kanneen qaama lubbu qabeeyyiin alatti ykn qaama keessatti taasifaman akkasumas lameenuu walcinattii kan adeemsifaman ta’uus ni malu. Adeemsa lubbu qabeeyyiin balaa isaan mudatu ittiin dandamachuu malan keessaa tokko tooftaalee qaama lubbu qabeeyyii keessatti taasifamudha. Tooftaa kanaan balaa dandamachuun yeroo mara beekumsaaf humna kan gaafatu qofa miti. Jijjiirama tirannaa haala irratti hundaa’ee keessoo seelii isaaniitti adeemsifamuudha malee. Ta’us tooftaalee akkasii kana beekumsaan fayyadamuun hin dandaa’amu jechuu miti. Beekumsa waa’ee hormaata sanyii (genetics) fayyadamanii gosa sanyii rakkoo hin dandamanne tokko gara isa rakkoo dandamatutti jijjiiruun ni dandaa’ama. Kun garuu yeroo fi beekumsa olaanaa isa akka beektota namootaa keessaa jarreen Saayinsistoota (Scientists) jedhamanii sana fa’a gaafata. Namootni akkasii namoota keessaa warra ilaalcha misoomaa qabanidha. Namoota akka profeesor Gabbisaa Ejjetaa faa jechuu kooti. Amma kan ilaalaa jirru garuu waa’ee lubbu qabeeyyiiti. Lubbuu kan qabummoo nama qofa miti. Tarii namni mootii lubbu qabeeyyii maraati. Kanas yoo beekumsa fayyadame jechuu kooti. Malee osoo lubbuu ajjeesanii kan mo’atan ta’ee, silaa warra akka Vaayiresii fi Baakteeriyaatu mootii hundaati. Walumaa galatti tooftaalee fayyadamuutu waan maraati. Tooftaaleen keessootti taasifaman kanneen akka:- madaquu(adaptation) fi jijjiiramuu(mutation) fa’a kan dhuunfatuudha. Tooftaaleen qaamaan alatti taasifaman ammoo baayyinaan beekumsaa fi mala akkasumas ga’umsa qaamaa fa’a fayyadamuun kan argamaniidha. Beekumsa fayyadamuun ammoo baay’inaan sanyii namootaa irratti mul’ata. Lubbu qabeeyyii hogganuuf namni dandeettii kan argates sababa beekumsa olaanaa fayyadamuufi. Beekumsa fayyadamuun mallatoo qaroominaati. Kunis salphaatti balaa miliquuf dorgomanii mo’achuuf, da’oo qabaachuuf, adamsanii/ oomishanii soorachuuf, qabeenya horachuuf, diina injifachuuf, daawaa soqachuuf, malaa fi fala dhahachuuf fa’a namoota gargaareera. Tooftaaleen qaamaan alatti taasifamanis isaanuma kanneeni. Ta’us namootni hundi walqixa jireenya mijataa jiraachaa hin jiran. Gariin goobee gariin doofee jiraata. Kan jiru wal ga’uu dinnaan inni mo’u ajjeesee dhuunfata. Maqaatu nama malee gariin isaa horiidha. Akkuma sa’aatti jiraata. Nama akkasii kana haxxee namaatu elmatee qalata. Yoo fedhes ittiin qotata. Garaagarummaa qaroominaati.
BOQONNAA KUDHA SHAN
Qabeenya Hawaa Keessaa
Waantota hawaan uumama badhaafte keessaa tokko lafa. Hawaa keessa waantotni yoo ijaan ol illaalan namatti mul’atan:- Aduu; Ji’aa fi Urjiilee fa’i. Kanneen biroon jiraatanis, sababa fageenya isaanii fi ifuu dhabuu isaaniitiin kan ka’e hin mul’atan. Fagoos ta’ee dhihoo, waanti hawaa keessa jiru ijaan argamuuf wanti sun ifee mul’achuu qaba. Wantotni ifan hundi ni mul’atu jechuus miti. Fageenyaa fi guddina isaanii irratti hundaa’uun kannneen dhokatanis ni jiru. Fakkeenya waantota hawaa keessa jiraataniifi ifa hin maddisiifne keessaa tokko lafa. Lafti iftee argamuu baattus qabeenya akka bishaanii, qilleensa, albuudaa fi lubbu qabeeyyii garaa garaan kan badhaatee dha. Lafti qabeenya lubbu qabeeyyiin ishee hundi ittiin jiraachuu malan ni qabdi. Sanyii namootaafis qabeenya ishee waakkii malee gumaachaa jirti. Ta’us akkuma akka naannoo fi bifa isaaniitiin namootni qabeenya lafti hunda gumaachitu kana walsaamaa jiru. Haaluma kanaan gariin bakka qabeenyi jireenyaaf mijataa ta’ee badhaadhe keessa burraaqee jiraata. Gariin ammoo gammoojjii irraa fi jalaan gubee nama waadu keessa jiraata. Inni irraa hafe isa hin qabneef hin hiru. Inni tokko isa kaan saamee erga hiyyummaatti gatee booda, akka waan ofii eebbifameetti of ilaala. Hiyyeessi abaaramuu isaati. Haaluma kanaan hiyyoomsee duroomaa fi ajjeesee jagnoomaa dachee kanarra jiraataa jira. Haalli kun ammoo qabeenyi lafarraa hanga barbaadamuun akka namoota ga’aa hin jirres ni mul’isa. Lafti hawaa kana keessatti waantota gurguddina ajaa’ibsiisoo ta’een ishee caalan baay’ee waliin uumamte. Pilaanitootni akkuma lafaa dhagaa irraa ijaaraman muraasni namoota hawaa qorataniin eessa akka jiran argamaniiru. Ta’us pilaanitoota kanneen irra qubachuun hanga har’aatti waan hin danda’amneef qabeenyi isaan qaban maal akka ta’e hagas mara waanti beekame hin jiru. Kanneen hin argamin turanis yeroo yerootti argamaa jiru. Waantotni hawaa keessa jiran baay’een lubbu-qabeeyyii dabalatee qabeenya garaa garaa qabaachuu akka malan namootni shakkan ni jiru. Namootni shakkii akkasii qaban namoota biyyi isaanii dinagdeen misoome keessatti baay’atu. Kun ammoo namoota ilaalcha misoome qaban ta’uu isaanii namatti mul’isa. Namoota ilaalchi isaanii kottoonfate fa’a irraa shakkiin akkanaa hin eegamu. Isaanitti qabeenyi akkasii ni jira jedhanii xiinxaluun daran ulfaata. Namni tokko yoo isaan keessaa ka’ee qabeenyi hawaa keessa jiraachuu akka malu shakkes, namni sun dhibee samuu qaba jedhanii ilaalu. Waanuma akkasiiyyuu yaaduu hin fedhan. Cubbuu woyii itti fakkaata. Waan dandaa’amus itti hin fakkaatu. Gabaabumatti namoota akkasii kana ilaachatu kottoonfate. Ilaalchaa fi xiinxala kottoonfateen ammoo qabeenya fagoo hawaa keessa jiran arguun hafnaan, isuma lafarraa naannoo keessa jiruyyuu arguun ni ulfaata. Qabeenya dhokate argatanii itti fayyadamuuf ilaalcha sammuu keessa jiru diriirsuu fi xiinxala gadifagoo fayyadamuun mala jalqabaati. Ilaalchi namootaa waanuma hundaati! Namootni gaafa ilaalcha isaanii sirreeffatanii waantota ilaaluu eegalan, misoomuu eegalu. Yoo ilaalcha diriirsanii hawaa keessa ol ilaalan waantota akka albuudaa, lubbu-qabeeyyii, bakka jireenyaa(kan lafa caalu) barbaadanii argachuu malu. Ta’us namotni hanga yoonaatti lafarra qofa waan jiraachaa jiraniif jecha lafa malee bakki biraa jireenyaaf mijatu ni jira ilaalcha jedhu hin qaban. Ilaalchi kunis asumee ta’uu namootaa calaqqisiisa. Ilaalcha isa lafuma qofa ilaaluuf kottoonfateedha! Hawaa keessa uumamni namoota caalaa qarooman jiraachuu akka malan xiinxaluun namootatti ni ulfaata. Kunis Ilaalcha anummaan kottoonfatedha! Gaaffiikoo:-
 Akkuma lafti lubbuu jiraachistu, kanneen biroonis akkamitti jiraachisuu hin danda’an?
 Namni sirna uumamaa eegee obbolaa ofii isaa qabaachuu akkuma danda’u laftimmoo akkamitti obbolaa ofii dhabdi?
 Namootni hiriyyaan umuriin walgitan jijjiirama walfakkaatu akkuma taasisan, maaliif laftis pilaanitoota umuriin ishee gitanii wajjin walfakkeenya dhabdi?
 Lubbu-qabeeyyiin bakka biraa jiran dirqama kanneen lafarraa fakkaachuu qabuu?
 Namootni lafti xiqqoo akka taate hubatan maaliif qabeenya isheen qabduunis xiqqoo ta’uu akka maltu hin tilmaamanii?
BOQONNAA KUDHA JA’A
Lubbuu Hawaa Keessaa
Lafaan alatti jiraachuu lubbu-qabeeyyii namootni shakkan muraasni qorannoo geggeessaa jiru. Kana gochuuf ammoo adeemsa lubbu-qabeeyyiin ittiin lafarratti uumaman qorachuun eegalu. Kanas lafti yoomii fi akkamitti akka uumamuu dandeesse hubataniiti. Dabalataanis fageenya lafti urjii aduu jedhamtu kana irraa ittiin fagaattu shallaganii beeku. Kanaafuu Pilaanetootni akkuma lafaa umurii fi fageenya walfakkaatoo ta’een urjiilee biroo waliin jiraatan lubbu-qabeeyyii qabaachuu malu shakkii jedhu qabaachuu isaaniiti. Akkuma beekamu pilaanitiin namni irra jiraachaa jiru lafa jedhamti. Lafti pilaanitoota biroo sirna solaarii(aduu) keessa jiran hunda waliin urjii aduu jedhamtu irraa kan uumamteedha. Garuu pilaanitootni kunniin hundi (salganuu) yeroo tokkotti kan walfaana uumaman miti. Yeroo garaa garaatti kan uumaman ta’uu isaaniitu beekama. Kunis sababa pilaanitootni kanneen biroon muraasni qorranii hin xumurin jiraniif ta’uu dabalata. Pilaanitootni dafanii qorruu fi dhiisuuf ammoo guddinni isaaniis murteessaadha. Baay’een isaanii yeroo qorran dhagaa ta’anii waan mul’ataniif jecha maqaa pilaanitoota dhagaa(rocky pilanetes) jedhuun waamamu. Waantotni baay’een hawaa keessa jiran urjiilee guguddoo ta’an irraa uumaman. Uumamaas jiru. Gaalaaksotni, urjileen, pilaanitootni fi astroidootni hedduunis haaluma kanaan hawaa keessatti uumamu. Kunis hawaan babal’chaa akka jirtu mul’isa. Haaluma kanaan laftis aduu irraa uumamte. Uumamuun lafaa naannoo waggaa biliyoona 5 tti tilmaamama. Qorritee dhagaa ta’uun lubbu-qabeeyyii biqilchuu kan eegalte ammoo naannoo waggaa biliyoona 4 tti tilmaamama. Kanarraa ka’uun qorattootni pilaanitootni akkuma lafaa urjii biroo irraa uumamanii, qorranii, dhagaa ta’uun yeroo fi fageenya murtaa’e irratti lubbuqabeeyyii horachuu danda’anis jiru jedhanii shakku. Haala kanaan jiraachuu lubbu-qabeeyyii hawaa keessaa qorachuuf bakki namatti dhiyaatu gaalaaksii lafaa(miilk weey) qofa. Innuu fageenya ajaa’ibsiisaa bara ifaa(ly) fagaatuun shallagama3. Lubbu-qabeeyyiin lafaan alatti jiraachuu malu jadhamanii shakkaman maqaa ‘Aleensota’(Aliens) jedhamuun waamamu. Aleensota(Aliens) jiraachuufi dhiisuun isaanii hanga har’aatti namoota gidduutti mormii uumaa jira. Mormiin uumamaa jiru kun ammoo jiraachuufi dhiisuu isaanii qofas miti. Bifaa fi gosa(sanyii) akkasumas haalaa fi dandeettii isaanii irrattis mormiin qorattoota gidduutti ni mul’ata. Qorattootni gariin lubbu qabeeyyiin hawaa keessaa jiraachuu malan(‘Aleensotni’) kanneen lafarraa wajjiin walfakkeenya hin qaban jedhanii shakku. Kanarraa ka’uunis shakkii garaa garaa ibsatu. Tarii namatu hin hubatu malee aleensotni lafarras dhufanii deebi’uu malu jedhanii shakku. Aleensota namni ijaan arguu hin danda’u jechuus ni dabalata. Kunis sababa shakkii Aleensotni kanneen akka lubbu-qabeeyyii lafarraatti, Naayitroojiinii(N) fi Foosfarasii(P) fa’a irraa uumaman miti jedhu qabaniif ta’uu dabalata. Gareen qorattootaa kun Aleensotni uumama laffarraa fakkaachuu baatanis, kanneen namoota caalaa qarooman jiraachuu akka malan shakkii qabu. Kanaafis UFO(Unidentified Flaying Object) fakkeenya fudhatu. UFOn waantota namootni tokko tokko yeroo gara hawaa deeman arganii maal akka ta’e hubachuu dhabaniidha. Waantotni UFO jedhaman kunniin ariitii saffisa ajaa’ibsiisaa qabuun akka balali’uu danda’antu ibsama. Bocni isaaniis gargar ta’uutu ibsama. Fknf UFOn Waanta akka boca geengoo(Disc)woyii fa’a fakkaatanii yeroo furguggifan argamuu isaaniitu himama. Kun ammoo shakkii konkolaataa aleensotaati moo aleensotuma jedhu uumuus ni mala. UFOn jedhaman kunniin darbanii darbanii lafarra bakka tokko tokko yeroo isaan qubatanii deebi’an namootni arganis akka jirantu himama. Ta’us garuu saffisa isaanii irraa kan ka’e UFOn maal akka ta’an namootni argan hubachuu hin dandeenye. Kanumaaf maqaan UFO jedhus itti mogga’e. Hiikni isaas” Waanta Balali’aa hin hubatamin” akka jechuuti. Egaa kanuma irraa ka’uuni kan namootni uumama qaroominaan namoota caalantu bakka biraa irraa dhufee lafa qorachaa jira shakkii jedhu horatan. Haa ta’u malee waa’ee UFO kanarratti namootni mormii qabanis ni jiru. Kanas gariin waanti UFO jedhamu kun hin jiru, namoota hallucination (mallattoo dhibee sammuu) qabantu dogoggoraan hubate malee jedhu. Gariin ammoo wanti yeroo namootni gara hawaa deeman itti mul’ate kun UFO miti jedhu. Kanas yoo morman:- rookkeettii biyyootni garaa garaa hawaatti ol ergantu namoota gara hawaa deemanitti ifee mul’ate jedhu. Kanaafuu UFOn gara IFI (Identified Flaying Object)tti jijjiirameera jedhanii ibsu. Wanti hin hubatamin ture hubatameera akka jechuuti. Walumaagalatti ibsa aleensotni uumama lafarraa hin fakkaatan jedhu muraasa ilaaluu yaalleerra. Ibsa Aleensotni lubbu qabeeyyii lafarraa wajjiin adeemsa uumamaa fi bocaan wal fakkaachuu malu jedhus faana dhahuun dirqama. Gereen kun ammoo pilaanitootni lafaa wajjin walfakkaatan aleensota lubbu-qabeeyyii lafarraa waliin walfakkatan qabaachuu malu ilaalcha jedhu hordofu. Kanas pilaanitootni biroon akkuma lafaa waantota akka bishaanii, soorata, qilleensa(O2) fi kkf qaban jiraachuu malu shakkii jechuuni. Kanaafuu xiyyeeffannoon garee kanaa pilaanitoota lafa fakkaachuu malan hawaa keessa barbaaduudha. Xiyyeeffannoon kun bakka jireenyaa hawaa keessa namootaaf barbaaduu dabalata. Xiyyeeffannoon qorannoo fi qo’annoon taasifamu bu’aa malee miti jechuufani. Kun milkoofnaan bu’aa qaaliiti. Ilaacha ofiif, sanyii ofiif akkasumas lubbuu jiraachisuuf haala mijeessuuti. Haala kanaan ammoo miidhanii osoo hin taane miidhamanii duroomu. Ilaalcha kanatu hawwiif jaalala Ilaalcha Misoomaa dhuunfate. Gareen ilaalcha kana qaban barbaacha pilaanitoota biroof, ifaajjii abdii kutannaa hin qabne gochaa jiru. Ifaajjii kanaanis wantota lafa fakkaatan muraasa fagootti arguu danda’anii jiru. Kanas meeshaa Telescope Jedhamu fayyadamaniiti. Waantota lafa fakkaatan kanneen keessaa tokko teegarden b jedhamuun kan beekamudha. Teegarden b lafa fakkaachuu isaan sadarkaa 1ffaa irratti argama. Teegarden b sirna soolaariin(aduun)alatti argama. Kanafuu sirna aduu osoo hin taane, sirna urjiilee biroo(explanet) keessatti argama jechudha. Gama biraanis teegarden b, kan uumame aduu irraa osoo hin taane, urjii kan biraa irraa ta’uu isaati. Pilaanitiin kun fageenya bara ifaa waggaa 12.59(12.59ly) ta’een lafarraa fagaata. Gariin Pilaanitoontaa kun bakka ‘Zoonii Jireenyaa’(Habitable Zone) jedhamuun beekamutti argamu. ‘Habitable zone’ bakka pilaanitiin lafaa wajjin walfakkeenya qaban jiran ta’uu mul’isa. Walfakkeenyi isaani ammoo Pilaanitoota guddinaa fi umuriin lafa gitan fa’a dabalata. Fageenyi isaan urjii isaanii irraa qaban Sirna soolaarii fageenya lafti aduu irraa qabduun walfakkaata. Urjiin isaaniis guddinaafi ifaan aduu fakkaatu. Gariin isaanii akkuma lafaatti waan bishaaniin aguugamanii jiran fakkaatanii mul’atu. Kunis akkuma lafaa bishaan, qilleensaa (O2), lubbu-qabeeyyii fi soorata qabaachuu akka malan shakkii uuma. Haala Kanaan hawaa keessaa bakkeewwan muraasni ’Zoonii Jireenyaa jedhamuu danda’an. Pilaanitootni zoonii jireenyaa keessatti argaman gaalaaksota hundaa keessa jiraachuu malu. Ta’us qorannoo fi abuurraa namootaaf kan salphatu gaalaaksota lafatti dhiyaatan qofaadha. Kunis miilkweeyii qofa kan xiyyeeffatu ta’uu isaati. Miilkweeyiin gaalaaksii lafti keessatti argamtudha. Gaalaaksiin kun urjii miliyoona 100 ol ta’an ofkeessaa akka qabutu tilmaamama. Urjiilee kanneen keessaa aduun ishee tokkodha. Akkuma aduun pilaanitoota sagal ofitti marsitu, urjiileen kaanis pilaanitoota mataa isaanii qabu. Kun ammoo pilaanitootni biliyoonaan lakkaawaman gaalaaksii miilkweeyii keessatti argamuu akka malan mul’isa. Isaan keessaa lafti ishee tokkodha. Gaalaaksii miilkweeyii keessa akkuma lafaa pilaanitootni zoonii jireenyaa keessatti argaman hedduu dha. Miilkweeyii keessaa Pilaanitoota lafa fakkaatan naannoo 1600 arguu NASAN gabaaseera. Isaan kanneen keessaa yeroo ammaa aleensota namoota qarooman qabaachuu malan muraasnis akka jirantu shakkiin ibsama. Aleensotni pilaanitoota kanneen irra jiraatan kunniin akkuma namootaa qaroomuu kanneen malan ta’uu isaaniiti. Bakkeewwan shakkaman kana imaluuf fageenya bara ifaa kumaatama namatti fudhata. Isaan kessaas kan dhiyeenya qaba jedhamu fageenya bara ifaa waggaa 12 (12lys) kan namatti fudhatuudha. Haalli Kun namootni pilaanitoota aleensotaa kanarra qubachuuf daran rakkisaa akka ta’u mul’isa. Kanaaf jecha qorattootni aleensota bifa dandaa’ameen quunnamuuf mala garaa garaas ni dhahu. Maloota dhahaman keessaa tokko bifa raadiyoonaan aleensota qarooman quunnamuu yaaluu fa’i. Qorattootni hawaa yaalii pilaanitoota fageenya dhiyoo jiran namootaaf mijeessuus ni qabu. Kanaaf ammoo piloonitoota akka maarsii fa’a misoomsuu kajeelu. Kanas lafarraa biqiloota akka algee (algie) fa’a ol erganii misoomsuuf karoorsu. Kun yeroo dheeraa booda namootni akka achirra jiraataniif haala mijeessudha. Gariin ammoo asteroidoota albuuda akka warqee fa’a irraa uumaman follossanii lafarratti gurgurachuuf yaalii geggeessu. Kun ammoo duroomuuf fedha kan qaban ta’uu isaanii mul’isa. Yaaliin abuurraa hawaaf taasifamu baay’een isaa qabeenya achi jiruun badhaadhuufi. Haala kanaan Kan dursee qabeenya achi jiru abuure, qabeenya dhuunfaa isaa godhata.Yoo fedhe ni gurgurata fedhus olkaawata jechuudha. Kan irraa hafe namootaaf hiruu fi dhiisuunis mirga. Ifaajjii akkanaa booda qabeenya argame hiruu fi dhiisuun ilaalchaan malee seeraan nama hin gaafachiisu. Haala kanaan ilaalcha namummaa, isa lubbuu namaa baraaruuf arjoomu, malee homtuu qabeenya hiri jedhee isa abuurame hin hirsiisu. Biyyootni qarooman dorgommii qorannoo hawaa geggeessuun isaaniis kanaafidha. Biyyi dursitee abuurte qofti akka dhuunfaan itti fayyadamtuufi. Egaa qorannoon hawaa warra achi jiraniif ilaalcha misoomaati. Warra akka koo asuma jiranittimmoo qoosaa ta’uu isaati. Safuun kan ilaalchaati!
BOQONNAA KUDHA TORBA
Siyaasa Dinagdee
Siyaasni dinagdee gosa barnootaa wa’ee oomishtummaa fi daldalaa qo’atuu dha28. Dinagdeen siyaasa biyyi tokko hordoftu waliin hidhata qaba. Kunis: sababa haalli funaansa qaraxaa, sirni bulchiinsaa, haalli baajetaa faa siyaasa dinagdeetiin murta’aniifidha. Kanaafuu Siyaasni dinagdee saayinsii haala funaansa qaraxaa, sirna bulchiinsaa, ramaddii baajetaa, galii waliigalaa akkasumas qabeenya biyyi tokko qabdu qo’atuudha. Sirnoota siyaasni (political systems) bu’uureffatu keessaa tokkos siyaasa dinagdeeti. Siyaasni dinagdee guddina dinagdee biyyi tokko qabduun madaalama. Guddina dinagdee (economic growth) biyya tokkoo hubachuufis: haala fiixaan ba’umsa gabaa(market values), oomishtummaa (prodactivity)fi galii waliigalaa (GDP: Gross Domestic Product) fa’a gulaaluu barbaachisa. Dinagdee biyyoota garaa garaa safaruuf malootni addunyaan ittiin fayyadamtu keessaa beekamoon mala GDP fi per capita GDP jedhamanii dha29. GDPn guddina galii waliigalaa kan biyya tokkoo (economic growth) safaruuf gargaara. Per capita GDPn ammoo galii giddu galeessaa kan lammiilee biyyichaa(economic development) tilmaama. Gabaabumatti GDPn qabeenya kan safaru yoo ta’u, Per capita GDPn ammoo misooma kan safarudha. Fakkeenyaaf GDPn biyya tokkoo kan waggaa – waggaan madaalamu yoo harka sadiin (3%) kan ol guddate ta’e, guddinni dinagdee biyyattii kan bara dabreerra 3% ol guddateera jechudha. Per capita GDP jechuun immoo galii waliigalaa kan biyyi tokko GDPn galmeessite sana baay’ina uummata daangaa biyyattii keessatti argaman hundaaf walqixatti hiruun shallagama. Kunis namni tokko dhuunfaa isaatti galii inni guyyaatti argachuu danda’u doolaara Ameerikaa( $US) tiin waalta’ee shallagama. Haala kanaan biyyi tokko GDP guddaa yoo galmeessites, guddinnii fi xiqqeenyi galii lammilee(Per capita GDPn) ammoo baayyina lammilee biyyattii irrati hunda’a. Kunis biyyi GDP guddaa qabdu tokko yeroo hunda per capita GDP guddaa qabaachuu dhiisuu akka maltu mul’isa. Fknf akka tilmaama dinagdee biyyoottan addunyaa kan bara 2015tti: GDPn Itoophiyaa doolaara Ameerikaa biliyoona 61.54($61.54USD)ture. Biyyi Kiribati jedhamtu ammoo doolaara Ameerikaan GDP biliyoona 0.5 ($ 0.5 USD) galmeessitee turte. Haala kanaan GDPn Itoophiyaa kan Kiraabaatii dachaa hedduu kan caalu ta’uu isaati. Haa ta’u malee baay’inni uumata Kiraabaatii kan bara 2015 timaamaan 113,473 ture. Kun ammoo yeroo percapita GDPn shallagamu 500,000,000/113,473= 4,406.33USD ta’uu isaati. Haala kanaan shallagni precapita GDP kan Itoophiyaa ammoo=486.27 USD ta’a. Galii lammilee biyyoota lamaanii yeroo waliin madaallu:4406.33/486.27=9.06 arganna.Kun ammoo guddinni dinagdee waliigala(misoomni) kan biyya Kiraabaatii isa kan Itoopiyaa dachaa 9n akka caalu mul’isa. Biyyootni addunyaa guddina dinagdee biyya isaanii saffisiisuuf sirnoota dinagdee garaa garaa hordofu. Sirnootni dinagdee (economic systems) kunniin maqaalee: kaappitaaliizim (Capitalism), Sooshaaliizim (socialisim), kommiiwuniizim (communisim) fa’a jedhamuun beekamu. Biyyootni garaa garaa gosoota sirna dinagdee kanneen keessaa kan furmaata guddinaa nuuf ta’a jedhanii itti amanan hordofu. Haa ta’u malee sirni dinagdee biyyootni guddina dinagdee isaanii ittiin saffisiisuuf jecha filatanii hordofan yeroo mara hanga yaadame saffisuu dhiisuu dandaa’a. kun ammoo sababa garaa garaatiin isaan mudachuu mala. Fakkeenyaaf biyyi yeroo ammaa kana addunyaa irratti dinagdeen ishee baay’ee guddaa ta’e USAn sirna dinagdee kaappitaaliizimii jedhamu hordofti. Biyyi addunyaa kana irratti kanneen hiyyummaan sadarkaa dhumaa irratti argaman keessaa addunyaaf fakkeenya gaarii taatee bara lakkooftu Itoophiyaanis sirna dinagdee kaappitaaliizimii jedhamu kana hordofti. Garaa garummaan kun kan mul’isus biyyi tokko sirna dinagdee filatamaa hordofuu isheen qofa milkaa’uu akka hin dandeenye ta’uu isaati. Biyyi tokkoo sirna dinagdee filatamaa hordoftus, guddinni dinagdee ishee jalaa danqamuu mala. Guddina dinagdee biyya tokkoo waantota danquu malan keessaa muraasni:-ga’umsa dhabuu naamoota bulchiinsa geggeessanii, malaammaltummaa, hanqina namoota barumsa ga’aa qabanii, hanqina albuudaa, rakkoo ilaalcha lammilee biyyichaa, hanqina humna namaa fi hanqina jaalala hojii qabaachuu lammilee biyyichaa fa’i. Ilaalchi lammileen guddina dinagdee irratti calaqqisiisan dhimma ijooti. Ilaalchi guddina dinagdee murteessuu keessatti shoora ol-aanaa qaba. Ilaalchi waantota dinagdee danquu malan hunda ofkeessatti dhuunfata. Lammileen yoo ilaalchaan kottonfatan dinagdeen isaanis ni kottoonfata. Kunis sababa yeroo gariin isaanii misooma biyyaaf kufanii caban, gariin ammoo barbadeessuuf kufee cabu fa’a dabalata.Dorgommii ta’uu isaati. Yoo gariin dalagee guddachuu murteessu, gariin ammoo “waaqatu qabeenya hira, ati badi namanaa!” jedheetu abaaree balleessa. Kanaan isa dalagu mogolee dhahanii cabsu. Kun Ilaalcha! Inni baratu akka irra keessa hubatuu fi gadi fageessee qoratu kan godhus ilaalchuma. Gadi fageessanii hubachuu fi irra keessa hubachuun ammoo dubbii ijooti. Hundi baratus hundi ga’umsa walfakkaatu akka hin horanne taasisa. Ga’umsa dhabuun ammoo bulchiinsa balleessa. Malaammaltummaan akka daran heddummatuuf kan haala mijeessus ilaalchuma. Namootni hedduun qabeenya horachuuf mootii biyyaa ta’uu fedhu. Qooda biyya dinagdee walii galaan guddisuu fedhan ofuma isaanii fi firoota isaanii duroomsuu qofa irratti xiyyeeffatu. Kun Ilaalcha ofittummaati. Qabeenya haati hiyyeessaa sabbata hiiktee waan qabdurraa guddina biyyaaf gumaachitus isaanumatu dhuunfata. Kanas ifatti mul’isanii osoo hin taane, maqaa misoomaan qaraxa funaananiiti. Garuu biyya misoomsuun hafee ofii isaanii qofaa duroomsu. Sababa gochi akkanaa baratameef jechas lammileen biyyichaa baay’een ilaalchuma kufaa kanaan biyya bulchuuf dorgommii taasisu. Dorgommiin taasifamus, ajjeesuu fi maqaa wal balleessuu fa’a irratti xiyyeeffata. Gariin ammoo amantaa da’oo godhata. Egaa isaan akkasii kun dandeettii biyya bulchuu sababa qabaniif miti kan biyya bulchan. Gariin namootaa biyya bulchuu maatii irraa dhaalaan hiratu. Namootni mootummaa ykn sirna maatii isaanii irraa dhaalan ammoo akkuma maatiin bulchaa turetti bulchuu fedhu. egaa yoo abbaan yeroo mootummaa isaa dinagdee biyyaa hin guddisne ta’e, ilmi sirna ykn mootummaa biyyichaa dhaalu akkamitti biyya guddisa? Kun gaaffii kooti. Yoo deebiin naquubsu jiraate.Yoo siif hin galle ta’es gaaffiin koo “Ilaalchi walfakkaatu akkamitti bu’aa garaa garaa buusa” kan jedhuudha. Ilaalchi jalqaba dinagdee waliigalaa kufise deebisee dinagdee waliigalaa hin guddisu. Yoo ammas namoota muraasaaf madda galii ta’e malee. Ilaalcha walfakkaatuun jijjiiramni dinagdee biyya tokkoo hin yaadamu. Kanaafuu namootni biyya guddisuuf yaalan, dursa ilaalcha isaanii fi kan lamiilee jijjiiruu qabu. Lammileen hundi ilaalcha isa biyyi isaanii akka dinagdeen ishee xiqqaattu godhe sana, gara ilaalcha gaarii ta’etti jijjiirrachuu qabu. Ilaalchi akkuma guddina nama dhuunfaa murteessu, guddina waliigala biyyaa murteessa. Kunis sababa: Beekumsa, dalagaa, qabeenya biyatti sirnaan fayyadamuu fi biyya misoomsuu fa’an ilaalcha lammilee irratti hundaa’ufidha. Biyyoota ilaalchi lammilee isaanii misoome keessatti, beekumsis misoomaadha. Achitti qonnaan bulaan sirna qonnaa qajeelchee beeka. Inni daldalu hin kasaaru, hin kasaarsus. Hunduu waan dalaguu fedhu hunda gadi fageessee barata. Ragaa Digirii qonnaas ta’u kan daldalaa, bites hin gurguru. Ifaajjii ofiitiin baratee hubatee digirii argata malee. Biyyoota hin guddanne keessatti ammoo faallaa kanaati. Namootni baratanii osoo hin taane bitatanii fa’a digirii gonfatu. “Digirii gonfanneerra” jedhu malee kan sammuu isaanii keessa jiru waan biraati. Isaanuma akkasii kanatu hoggansa biyyaa keessatti qooda fudhata. Osoo inni ifaajjiin baratee, hubatee, digrii argate jiruu, warri qarshiin bitatan dandeettii malee malaan malanii mo’atu. Ilaalcha kana dhalootaa dhalootatti daddabarsu. Namootni baay’een haala kanaan bulchiinsa biyyaa keessatti hirmaatu. Gaafa bakka qabatanis akkuma godhanii baratan sana qabeenya horachuuf digiriis bitanii gurguru. Kanumaan nama sirnaan baratu mogolee buusanii dhaloota burjaajessu. Aangoo isaaniitti fayyadamanii saamuufis makmaaksa isa “Sishoom yaalballaa sishaar yiqoocowaal”jedhu faa bu’uureffatu. Yoo hiikamu ‘namni yeroo muudamu hin nyaanne, yeroo buufamu gaabba” kan jedhu ta’uu isaati. Kun ilaaalcha kufaa isa namootni biyya Itoophiyaa muraasni aadaa saamichaa ittiin walii isaanii barsiifatan mul’isa. Ilaalcha akkasii kanafaa sirna qulqulla’aa godhanii dhaloota dhaalchisuus fedhu. Egaa kana gufuun guddina dinagdee gufachisu. Walumaagalatti dinagdeen biyyaa kan guddatu yoo ilaalchi lammiilee fi hoggantootaa guddatedha. Waanti guddachuu qabu tokko duraan xiqqoo akka ture hubachuuf ammoo beekumsa nama gaafatu. Biyya guddisuun ilaalcha/ sirna biyya xiqqeessaa ture hundaa hundeedhaan buqqisuu irraa eegala. Ilaalchi kuffisaan ittumaa kuffisa malee yoomiyyuu hin guddisu jechuu kooti. Ilaalcha misoome qofatu biyya misoomsa. Biyya guddisuuf sirna dinagdee garaa garaa yeroo yerootti jijjiiruu qofti ga’aa hin fakkaatu. Namni biyya bulchuuf dorgomu tokko yoo sirni ture kaappitaaliizimii ta’e, inni ammoo sirna sooshaalizimii/komuuniizimii qabatee dorgomuun qofti ga’aa miti jechuudha. Kanaafuu Ilaalcha biyya jijjiiruu danda’u qabatee dorgomuun furmaata waaraa ta’uu isaati. Mootiin biyya bulchuuf/ guddisuuf dorgomu tokko dursa ofii isaaf ilaalcha jijjiiramaa qabaachuu qaba. “Barataan akkuma barsiisaa isaatiiti”isa jedhamuufan jedhe.
BOQONAA KUDHA SADDEET
Misooma
Addunyaa kanarratti namootni akkuma akka siyaasaa fi naannoo isaaniitti hiika garaa garaa misoomaaf laatu. Kanaafuu jechi Misooma jedhu hiika waaltawaa waan qabu hin fakkaatu. Fknf namoota naannoo Oromiyaa keessa jiraatan muraasa hiikkaa misoomaa gaafachuuf yaaleen ture. Namoota ani misoomni maal akka ta’e isaan gaafadhe keessaa gariin Misoomni tattaaffii qabeenya horachuuf taasifamu ta’uu isaa ibsan. Gariin isaanii lafa borqaa’e deebisanii gabbisuudha jedhan. Gariin ammoo misoomni mala ammayyaa fayyadamanii qonnaa qotuu akka ta’e ibsan. Kanneen misoomni sochii jireenya mijataa namoota jiraachisuuf taasifamu ta’uu ibsanis ni jiru. Irra jireessaan garuu misoomni biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu akka ta’e naaf ibsan. Anis akkamiitti? jedhee gaafadheera. Deebiin isaaniis“mootummaan keenya gaafa misoomatti nu bobbaasu biqiltuu nu dhaabsisa” kan jedhu ture. Egaa ‘Misoomni’ namoota Oromiyaa keessa jiraataniif hiika wal fakkaataa ta’e hin qabu jechuudha. Biyyootni garaa garaas Misooma hiika garaagaraan ibsu. Kunis irrajireessaan sababa siyaasaan gargar ta’aniifidha. Fknf biyyootni siyaasa ‘neoliberalisim jedhamu hordofan “misoomni ida’ama fiixaan ba’umsa namoota dhuunfati” jedhanii ibsu. ‘Structuralism’ ammoo “misoomni irra jireessaan ga’ee hojii mootummaati. Garuu guddina dinagdee namoota waliigala biyychaa irratti xiyyeeffata” jedhu. Kanneen ‘Interventionism’ hordofan ammoo “sababa ifaajjii jireenyaa kessatti mo’uu fi mo’atamuun jiruuf jecha, sochiin misoomaa, warra dinagdeen isaanii mo’atame gargaaruuf kan taasifamudha”jedhanii misooma ibsu. Gareen ‘People centered/ alternatives’hordofan, ilaalcha namni hundi bakka fedha isaa ga’uuf ga’umsa qaba jedhu qabu. Kanaafuu “misoomni dhuunfaa fi gareen sochii namootni taasisan tumsuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu qaba “jedhanii misooma ibsu. Egaa hiika muraasa armaan olitti ibsaman irraa misoomni ilaalcha garaa garaatiin kan ibsamu ta’uu hubanne jirra. Ilaalchi Misoomaas garaa garummaa jiru kana giddu galeessaan ibsuu yaaleera. Kanas: Misoomni ida’ama sochii namoota dhuunfaa fi garee, kan haala jireenya lammilee waliigalaa mijeessuuf taasifamuudha. Ga’een mootummaa ammoo sochii kana tumsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba ilaalcha jedhu qaba Ilaalchi Misoomaa. Garaa gara ta’us, hiikni misoomaa hundi jireenya namootaa fooyyessuuf ifaajjii hoggansaa fi lammileen hundi taasisan ta’uun isaa ifa galaadha. Egaa misoomni sochii namootni hundi qbeenya walootiin badhaadhuuf taasisaniidha. Haa ta’u malee badhaadhina waloo argamsiisuuf namootni hundi dhuunfaa dhuunfaan ifaajjii woyii gumaachuu qabu. “Walii galan alaa galu!”mitiiree?. Fknf: 9+1=10 ta’a. Ida’ama kana keessatti lakkoofsi 10 misooma haajennu. Maarree osoo misoomni barbaadame tokko lakkoofsa 10 ta’ee, silaa lakkoofsa 9 tti, lakkoofsi 1 ida’amuun dirqma. Yoo tokko hir’ate sagal kudhan hin guutuka. Yoo namootni sagal biqiltuu dhaabanii kunuunsan, namni tokkommoo mancaasuu mala. Gama biraan dadhabbii namoota sagaliitiin yoo namni tokko qofti fayyadamee qofaa duroome, kun misooma hin ta’u. Egaa misooma misoomsuuf namni hundi walfaana ilaalcha misoomaa qabaachuutu daran barbaahisa. Kunis gara ilaalcha dhuunfaa ilaaluutti nama deebisa. Namni hundi akkamitti ilaalcha misoomaa horachuu mala kan jedhus nama xiinxalchiisa. Egaa namni dhuunfaa isaaatiin akkamitti jijjiirama misooma argamsiisu horachuu danda’a kan jedhu gaaffii deebii argachuu qabuudha. Kanaafuu atis ilaalcha keetiin misooma naannoo keetii tumsuuf ilaalchikee ilaalamuu qaba. Misooma misoomsuufs namoota biroo eeguu osoo hin taane sumatu eegaluu qaba. Egaa akkamitti ofii keetii milkaa’uu qabda kan jedhu deebisuuf mee kitaaba namni Steven R.Kooney jedhamu barreesse tokkon si’affera.
Kitaabni kun Hawwii Aannoleetiin hiikamee cuunfame. Kunoo guutummaan isaas akka armaan gadiitti cuunfame.
“Hawi Youth Development Initiative.
Cuunfaa Kitaabaa–002. Hawi Anoletiin.
Odeeffannoo Bu’uuraa:-
 Maqaa Kitaabichaa:- The 7 Habits of Highly Effective People(Amaloota Namoota Baay’ee Milkaawoo Ta’anii Torban).
 Kan Barreesse:- Steven R. Koovey
 Bara Itti Maxxanfame : - 1989.
 Dheerina Kitaabichaa : - Fuula 381.
Kaayyoo Ijoo Kitaabichaa: Kitaabni kun kitaabota akka Adduunyaatti baay’ee jaalatamaniifii namoota hedduun dubbifaman keessaa isa tokko. Kitaaba kana carraa argattee dubbisuu keetiif baay’ee gammaduu qabda. Kitaaba kana keessatti namoonni Adduunyaa kana gubbaatti waan garagaraatiin sadarkaa ol’aanaarra gahan amaloota akkamii akka qaban, waan addaa maal akka hojjataniifii naamusawwan / amalootni / barmaatileen/ jireenya isaanii keessatti hordofan ifatti lafa kaa’ameera. Naamusawwaniifi Amaloonni ykn barmaatileen kunneen akka salphaatti jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu kan dandeenyuu fi suuta suutaan ittiin of jijjiiruudhaaf kan baay’ee nu gargaaraniidha. Barreessichi Kitaaba kana barreessuudhaaf barruuwwan 200tti dhihaatan dubbisuu isaas ibseera. Maarree, ati waan inni itti xaaree kitaaba tokko keessatti siif dhiyeesse irraa barachuudhaaf carraa argachuun kee sin gammachiisuu? Sana caalaammoo Afaan keetin haala gabaabaa kanaan siif dhiyaatuu isaatin hoo carraa qabeessa tahuukee ni irraanfattaa? Hin Irraanfatin! Jechuun eegala cuunfaan kitaabichaa.
Barnootawwan Ijoo Kitaabichaa (Barmaatilee/ Amaloota /Naamusawwan Torban)
Akka barreessaan kitaabichaa barreesseti naamusawwan/ amalootni/barmaatileen turban jireenya kee keessatti milkii argachuuf si dandeessisan kanneen asii gadiiti:-
1. Dursii Argami (Be Proactive). Adduunyaa kana keessatti hammi isaa xinnaatus guddatus dhiibbaa uumuu akka dandeessu beekuu qabda. Kana godhuudhaaf immoo yeroo hunda waan Adduunyaan siif dhiyeessitu qofaan masakamuun sirra hin jiraatu. Ati mataan kee dursitee argamuu, waan sitti dhufuu dandahu tokko dursitee tilmaamufi irra aanuun barbaachisaadha. Miira kee to’achuuf aangoo guutuu qabda. Waan namni si miidhuu/ sirratti hojjatuuf yaalu, caalaa akkaataa ati waan sana ittiin hubattuutu murteessa. Waan namni siin jedhe to’achuuf aangoo dhabdus waan si godhan saniin miira kee miidhuu dhabuuf garuu aangoo guutuu qabda. Waan namni si aarsuuf jecha dubbate, ati guutumaan guututti ofirraa qolachuu ni dandeessa. As biratti Geengowwan Ilaalchaa ( Circles of Attitude) lama siif qooduun barbaada:-
A. Wantoota Ati To’achuu Hin Dandeenye (Circle of Influence) – Wanti geengoo kana keessaa; waan ati guutumaan guututti to’achuu hin dandeenyedha. Fakkeenyaaf namni tokko yoo ganamaaf galgala si dallansiisuuf waan kee dubbataa oole, yoo maqaa kee balleessuuf yaalaa oole, yoo si miidhudhaaf shira xaxaa oolee bule, ati nama sana afaan qabuu/yaada isaa sana dirqisiistee dhiisisuu hin dandeessu. Hanga fedhe yoo dute qarriffaa isaa irraa cabsuu hin dandeessu. Tarii adeemsi seeraa akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti. Kanaaf waanti qaama biraatiin sirratti raawwatamu kamiyyuu to’annaa keetin ala jira jechuudha.
B. Wantoota Ati To’achuu Dandeessu (Circle of Control) –Wanti geengoo kana keessa jiru hundi waan ati guutumaan guututti to’achuu dandeessudha. Akka fakkeenya asii oliitti ilaalletti namni tokko dalagaa si godhatee waanuma kee qaaqaa yoo oole, nama san gurra dhoowwattee, haasaa isaa sana gatii dhabsiisudhaaf, jalaa cal’istee isa salphisuudhaaf aangoo guutuu qabda. Maaliif jennaan, aaruu dhiistee waan sanatti baacuu/ nama sanitti kolfitee inumaa ittiin bashannanuudhaaf aangoon guddaan harka kee waan jiruufi. Gama biraatiin waan kamuu keessatti ilaalcha akkanaa horachuun barbaachisaadha. Waan jireenya kee keessatti si mudatu to’achuu dadhabdus waan si mudate sana akka si hin miinetti keessummeessuun harka kee jirti. Egaa maaliif osoo kana gochuu dandeessuu, akkana na godhan jettee aartaree? Maaliif namni biraa akka si miidhee miidhama keetti gammadu heyyamtaree? Hin heyyamin!
2. Xumura Waan Hojjettuu Tokko Sirriitti Beekudhaan Eegali (Begin with the End in Mind). Hojii tokko yoo hojjattu si’a lama akka hojjattu beeki. Tokkoffaan sammuu kee keessatti wanta hojjattu sana yoo yaaddu, inni lammataa immoo qabatamaan hojii sana yoo raawwattuudha. Hammuma ati sammuu kee keessatti waan hojjechuuf deemtu san sirriitti bareechitee beeyte, hojiin isaatis miidhaga. Fakkeenyaaf mana ijaaruu/ijaarsisuu feeta yoo ta’e jalqaba sammuu kee keessatti mana akkamii? Kan kutaa meeqa qabu? Kan dizaayiniin isaa akkamii? fi wantoota kana fakkaatan sirriitti beekuu qabda. Gaafas waan barbaaddu san sirriitti lafarratti dhugoomsitee arguu dandeetta. Haaluma walfakkaatun jireenya jiraachuu feetus akkasumatti sammuu kee keessatti bareechitee beekuun barbaachisaadha. Hammuma sammuu kee keessatti waan feetu san sirriitti beekuu dandeessu, qabatamaanis hojiitti geeddaruu dandeessa waan ta’eef. Barreessaan kitaabichaa as biratti waan tokko akka goonu gorsa nuuf Kenna. Innis jireenya keenya keessatti Kaayyoof Galma jiruu keenyaa(Personal Mission Statement) akka barreessinuudha. Mee nama akkamii tahuu feeta? Boru gaafa Adduunyaa kanarraa boqottu nama akkamii jedhamtee yaadatamuu feeta? Mee waan kana waraqaa irratti katabi, of gaafadhu! Gaafas waan hojjattu hunda saniin walqabsiistee hojjachuudhaaf siif mijata.
3. Waan dursa hojjachuu qabdu dursa hojjadhu( Put first things First) Hojii hojjettu tokko madaala lamaan ilaaluun murteessaadha. Tokkoffaan Barbaachisummaa hojii sanii yommuu ta’u inni lammataa immoo hammam dalagaan sun ariifachiisaadha isa jedhuudha. Bu’uura lameen kanaan barreessaan kitaabichaa hojiiwwan namni hojjetu/ hojjechuu qabu kallattii afuriin lafa kaa’a:-
I. Hojii Baay’ee Ariifachiisaaf Baay’ee Barbaachisaa (V.Urgent and V.Important)
II. Hojii Baay’ee Barbaachisaafii Kan Ariifachiisaa Hin Taane (V. Important But Not Urgent);
III. Hojii Baay’ee Ariifachiisaa ta’ee kan hammas hunda barbaachisaa hin taane ( Urgent but Not Important)
IV. Hojii Arifachiisaas hin taane, Kan barbaachisaas hin taane ( Neither Urgent Nor Important) – Waan yeroo qofa namarraa gubu.
Hojiin namni hojjetu kamiyyuu isaan kanaan ala miti. Sa’aatiin ati guyyaa guyyaan hojiirra oolchitu hojiiwwan afran kanneen keessaa tokko keessatti ramadama. Afran kanneen keessaa nuti isa lammataa irratti xiyyeeffannee hojjechuu danda’uu qabna. Maalif yoo jenne, dalagaan tokko hojjatamuun isaa barbaachisaa yoo ta’e hamma inni barbaachisummaan isaa ariifachiisaa tahee yeroon nutti dhiphatutti eeguun barbaachisaa miti. Kanaaf, waan hojjatamuu qabu yeroodhaan yoo kan hojjannu ta’e ofis dhiphisuu irraa akkasumas yeroo keenyas haala hin taanen qisaasuu irraa of tiksina jechuudha. Haaluma walfakkaatun jireenya keenna keessatti wantoota barbaachisoo hin taanefii kanneen ariifachiisoo hin taane kamiyyuu irraa fagaachudhaan yeroo of jalaa gubnu hir’isuunis baay’ee barbaachisaadha.
4. Kophaakee Moo’uf Hin Yaalin (Think Win Win).
Hariiroo namaan waliin qabdu keessattis ta’e waanuma kamuu keessatti kophaa koon moo’ee argamuu qaba jedhanii yaaduun barbaachisaa miti. Hamma dandeessu fedhii kee qofa osoo hin taane fedhiin nama/ qaama kan birootis akka guuttamuuf waan dandeessu gochuuf yaali. Yoo tokko mo’ee waan hunda ofumaa argachuudhaaf fiigu walitti bu’iinsi, walitti mufachuunifii rakkoowwan adda addaa mudachuu malu. Kana hambisuudhaan, ofiifis, nama kan birootifis yaadun gama tokkoon michoonni keenna akka baay’atan gama birootiin immoo nutis gammachuudhaan hawaasa keenna waliin akka jiraannu nu gargaara. Fakkeenyaaf namni waa daldalu tokko maamila horachuu yoo barbaade waan gaarii dhiyeessuu qofa osoo hin ta’in fedhii fi miira maamila isaa san beekuu fi fedha san guutuu danda’uu qaba. Gaafa fedhii keenna malee jennee fedhiif miira maamila keennaa irraanfanne boru maamilli keenna nu gatee nama meeshaa nuti gurgurru nurraa bitu akka dhabnu taasisa. Kun immoo kasaaraa daldalaa akka nutti fidu dagachuu hin qabnu. Fakkeenyuma kanaan waan hunda keessattuu goggooginsaf ofittummaa ofirraa fageessudhaan waan nuufis qaama kan birootifis toluu dandahurratti xiyyeeffachuun faayidaa guddaa nuuf qaba. As biratti yaada baay’ee na ajaa’ibe tokkon siif qooda. Innis waa’ee ‘Herrega Baankii Miiraati’. Herrega baankii kanaan barreessaan kitaabichaa “Emotional Bank Account” (Herrega Baankii Miiraa) jedha. Yaadrimeen isaa Herrega Baankiitiin walfakkaata. Hariiroon ati namootaan waliin qabdu akka waan kuusaa maallaqa baankii miira keetiiti. Yeroo kee fudhattee yoo waan gaariidhaan kunuunsite qabeenyi ati herrega san keessaa qabdu ni dabala. Yoo miira kee toohachuu dadhabdemmoo herregni kee garnalen hir’ata. Hariiroo Jireenyaa namootaan waliin qabdu keessatti waadaa kee eeguun, dhugaa dubbachuun, iccittii eeguun, goggogdummaa ofirraa fageessuun, waan an jedhe malee jechuurraa of eeguun, jechoota miira namaa eegan fayyadamuun akkasumas namoota hubachuudhaaf yaalii godhuun qabeenyi nuti Lakkoofsa Herreggaa Baankii Miiraa keenna keessaa qabnu akka dabalu godha. Adaduma faallaa kanaatiin socho’uu eegalluunis qabeenyi nuti herrega keenna keessaa qabnu ni hir’ata. Kanaafuu hamma dandeette hundaan Herrega Baankii Miira Keetii keessatti qabeenya guddaa kuufadhu. Qabeenyi ati kuufatte kun immoo jireenya kee keessatti akka baay’ee si fayyadu hin shakkin.
5. Namoonni Akka Si Hubatan Barbaaduu Keetiin Dura Namoota Hubachuuf Yaali(Seek First to Understand, then to be Understood).
Barreessaan kitaabichaa guyyaa tokko osoo konkolaataa uummataa yaabbatee deemu, abbaaf ilmi konkolaataa sana keessa seenan. Ilmi namticha sanii konkolaataa keessatti akka malee booye. Abbaan mucaa sanii garuu homaa hin dubbanne. Boodarra barreessaan kitaaba kanaa abbaa mucaa saniitti aaree “abboo mucaa kee nurraa cal’isiisi” jedheen. Yeroo kana abbaan mucaa barreessaa kanatti siqee, “dhiifama naaf godhi”, waanan godhu wallaaleeti amma harmeen isaa duutee awwaala irraa deebi’aa jirra jedhee itti hime. Yeroo kana barreessaan akka malee rifachuu isaa dubbata. Al tokko tokko hubatamuudhaaf yaaluun qofti gahaa miti. Namni tokko waan godhu tokko ( badaas tahee gaarii) maalif godha jedhanii hubachuuf yaaluun barbaachisaadha. Namaan waa baad tokko jechuu keenyaan dura nama sana garaa guutudhaan hubachuuf yaaluun baay’ee barbaachisaadha. Akka ogeeyyiin haasaa (communication experts) jedhanitti jechoonni ati afaan kee keessaa baafattu haasaa guutuu ati taasistu keessaa %10 qofa fudhatu. Sagaleen keenya 30%, haasaan qaamaa (body language ) keenya %60 fudhata. Kanaaf jecha afaan keenya keessaa baasnu qofa osoo hin ta’in wanti hundi walitti ida’amee dhaamsa nuti feenu dabarsuu isaa mirkaneeffachuu danda’uu qabna. Haaluma wal fakkaatuun namni biroos yoo nutti haasa’u waan afaan isatii ba’u qofa osoo hin ta’in waan hunda waliin xiinxallee hubachuun barbaachisaadha. Namni tokko osoo Imimmaan ija isaa keessaa dhangala’u har’aa baay’ee gammadeera osoo jedhee hammam dhugaadha? Dhugooma hin qabu. Kanaafuu akkuma waan onnee keessa jiruufi miira keenna isa haqaa namni akka nu hubatu feenu nama kan birootis akkasitti hubachuun barbaachisaa tahuu isaa hubachuun murteessaadha.
6. Tumsa Horadhu (Synergize). Akkuma asii olitti argine hundi keennayyuu akkaataa waan tokko ittiin hubannu qabna. Garaagarummaan akkanaa kuni rakkoo tokkos hin qabu. Garaagarummaa jiru kana garuu akka ciminaatti walitti finnee, iftoominaafi garaa qulqulluudhaan waan waliif nu galchurratti cichinee galma waliinii tokko bira gahuu ni dandeenna. Gaafas wanti nuti tokko tokkoon fiignee milkeessuf yeroo dheeraa nutti fudhatu yeroo gabaabaa keessatti akka xumurru nu dandeessisa. Dalga walirratti duulufii faallaa walii dhaabbachurraas waliin taanee rakkoo waliinii furachuudhaaf carraa guddaa nuuf uuma. Gaafa namoonni ilaalcha akkanaa horatan inni tokko isa kan biroo karaa walakkaa caala deemee hubatuuf yaalii godha, ija nama kaanitiin miira nama/qaama sanaa hubachuuf yaala. Gaafas waldhibdeef garaagarummaan jidduu lameen jirtu dhiphatti. Gaafa sun dhugoomu irree walii ta’uudhaan waan nu hunda rakkisu irra aanna jechuudha.
7. Of Haaromsuu Hin Dagatin (Sharpen the Saw).
Qabxiilee murtessoo asii olittii eraman kanneen dhugoomsudhaaf qabeenya kee guddaa ati qabdu tiksuun immoo dirqama keeti. Qabeenyi guddan sun immoo sihuma mataa keeti. Yeroo of jijjiirtee kaayyoof yaada kee galmaan gahuudhaaf carraaqxutti kallattii afuriin madaala kee eeguu qabda. Tokkoffaan Qaamaan (Physically), Lammaffaan Miira Keetin (Emotionally), Sadaffaan Sammuu keetiin (Mentally), Afraffaan immoo Amantii (Spiritually).
 Qaamakee – Sochii qaamaa godhuudhaan, Boqonnaa fudhachuudhaan, Nyaata keetis sirnaan nyaachudhaan haaromsi.
 Miirakee – Namoota waliin jiraattufi hawaasa keessa jiraattu waliin hariiroo gaarii uumudhaan haaromsi.
 Sammuukee – Barachuudhaan, Dubbisuudhaan, Barreessudhaan akkasumas barsiisudhaan haaromsi.
 Amantaakee – Uumaa Rabbii dinqisiifachuun, amantaakee hordofuudhaan; Kophaa kee teessee of dhageeffachuudhaan, waaqa/Rabbiin kadhachuun, Salaatuu /Sagaduudhaan, meditation gochuun, Tajaajila bilisaa kennuudhaaniifi wantoota kana fakkaatan godhuudhaan of haaromsi.
BOQONNAA KUDHA SAGAL
Sharafa
Sharafni jijjiirraa maallaqaa kan ibsudha. Maallaqni ammoo qarshii namootni ittiin waantota bitanii gurgurataniidha. Maallaqni walii galtee namootaa irratti hundaa’ee waantota garaa garaa irraa kalaqama. Maallaqni waraqaa fi sibiila garaa garaa akkasumas albuuda barbaachisoo ta’an irraa tolfamuu kan malu ta’uu isaati. Haa ta’u malee maallaqni hundi walqixa kan sharafamu miti. Maallaqni walii galtee namootaa fi barbaachisummaa irratti hundaa’ee gatii garaagaraan sharafama. Fkf maallaqni albuuda akka meetii fa’a irraa tolfamu barbaachisummaa albuudichaa irratti hundaa’ee gatii olka’aan sharafamuu mala. Seenaa keessatti mi’eessituun akka amoolee fa’a maallaqa ta’anii tajaajilaa akka turantu himama. Yeroo ammaa garuu namootni addunyaa irratti maallaqa waraqaa fi sibiila garaa garaa irraa tolfaman fayyadamu. Kun ammoo sababa haala salphaa ta’een itti fayyadamuun danda’amuuf ta’uu isaati. Haala kanaan biyyotni garaa garaa maallaqa dhuunfaa isaaniitti fayyadamu. Maallaqni biyyi tokko itti fayyadamtu akkuma siyaasa biyyattiitti jijjiiramuu mala. Fkn maallaqni biyyi Itoophiyaa bara mootummaa Haayila sillaassee itti fayyadamaa turte bara dargii jijjiirameera. Kunis akkuma siyaasa namoota biyyicha bulchaniitti sababa qaba. Sharafni qarshii biyya keessaa fi alaatti garaa garummaa qaba. Fknf qarshiin abbaa dhibbaa tokko biyya keessatti qarshii abbaa tokkoo dhibba tokkotti sharafama. Gama biraan qarshiin biyya Itoophiyaa keessatti 100(100ETB) sharafamu yeroo ammaa qarshii biyya Ameerikaa sadii (3USD) guunneen sharafama. As biratti waanti hubatamuu qabu sharafni qarshii abbaa 100 tokko Itoophiyaa keessatti qarshii abbaa 1 dhibbatti yeroo mara kan sharafamu ta’uu isaati. Sharafni biyya alaa garuu yeroo yerootti dabaluu ykn hir’achuu ni mala. Kun ammoo sababa garaa garaa irratti hundaa’eeti. Maarree dabaluu fi hir’achuun sharafa biyyoottan alaa kun dhimma ijoo Ilaalcha Misoomaa ti. Isumatu jireenya namootaa qaalessuu fi fooyyessuu irratti argama. Yeroo ammaa kana addunyaa irratti biyyoottan dinagdeen kufoo ta’an keessatti daballiin sharafa alaa mataa dhukkubbii cimaa ta’ee gidirsaa jira. Akkamitti? Kan jedhuuf deebiin akka armaan gadiiti ibsamuuf yaalameera. Biyyi tokko waan feetu argachuuf bituu ykn oomishuu qabdi. Mootummaa fi namootni daangaa biyyichaa keessatti argaman hundi waanta fedhan argachuun dirqama jireenyaati. Fknf waantota akka:- konkolaataa, meeshaalee ijaarsaa, meeshaa waraanaa, soorata garaa garaa, meeshaalee ijaarsaa, boba’aa garaa garaa, meeshaalee elektrooniksii, meeshaalee qonnaa, huccuulee fi faaya garaa garaa, meeshaalee yaala fayyaa fi daawaa fa’a ta’uu mala. Maarree egaa waantotni barbaachisoon kunniin yoo biyya ofii keessatti hin oomishaman ta’e, biyyoottan alaa irraa bitachuun dirqama jechudha. Biyyoota alaa irraa bitanii galchuuf ammoo sharafa biyya alaa(forein currency) argachuu qabu. Fknf Itoophiyaan yoo Xiyyaara biyya Ameerikaa irraa bitachuu feete doolaara Ameerikaa xiyyaaricha bitu qabaachuu qabdi. Doolaara kanas karaa lama argachuu dandeessi. Inni tokkoffaan yoo albuudaa fi oomisha garaa garaa gabaa alaatti gurgurattee doolaara argatteedha. Inni lammataa ammoo yoo doolaara barbaadamu hin qabdu ta’e birrii gara doolaaraatti sharafachudha. Mala lammataa kanaan doolaara argachuun gatii doolaara sharafamuu ni qaalessa. Kunis barbaachisumaa birriin Itoophiyaa Ameerikaaf qabu irratti hundaa’uu dabalata. Birriin Itoophiyaa Ameerikaaf kan fayyadu yoo waantotni barbaachisoon Itoophiyaarraa bitamu jiraateedha. Kanaan alatti birriin Itoophiyaa biyya Itoophiyaa keessatti malee biyyoota alaa biratti fayidaa hin qabu. Kanaafuu biyootni alaas yoo Itoophiyaa keessatti oomisha isaanii birriin gurguratanis dirqama gara sharafa biyya alaatti jijjiirrachuu qabu. Fknf waa’ee gabaa gurraachaa(black market) ni beekta ta’a. Gabaa gurraachi; -gocha daldaltooni muraasni karaa alseerummaa(kontoroband) ta’een bitanii gurguran kan ibsuudha. Gabaa gurraachi kun sharafa alaa qaalessuu keessatti ga’ee guddaa taphata. Haala kanaan namootni oomisha biyya alaa karaa seeraan alaa fidanii Itoophiyaa keessatti birriin gurguratu. Garuu oomisha birriin gurguratan sana biyya alaatii bitanii fiduuf birrii ittiin gurguran sana gara sharafa alaatti jijjiiruun dirqama. Kanaafuu sharafa alaa argachuuf gatii isaa dabalanii birriin bitatu. Fknf yoo baankiin Itoophiyaa doolaara tokko birrii 35 kan sharafu ta’e isaan sun ammoo yoo xiqqaate birrii 36n sharafu. Gochi kun ammoo namootni akka baankii Itoophiyaa dhiisanii gabaa gurraachaan sharafataniif haala mijeessa. Namootni daladala seeraa alaan Doolaara bitanii gurguruunis kanumaaf babal’achaa jira. fknf namootni tokko tokko dhoksaatti gatii doolaara tokkoo qarshii 1 itti dabalanii yoo kan bitan ta’e, gabaa gurraachaan qarshii 2 fi isaa ol bufatanii gurgurtu. Haala kanaan yoo xiqqaate kumarraa kuma buufatu jechuudha. Namootni akkanatti jireenya qaalessan kunniin dhuunfaa isaaniitti badhaadhanii duroomaa jraatu. Garuu lammileen jireenya isaan qaalessaniin dararamaa jiraatu. Haalli daladala gabaa gurraachaan taasifamaa jiru kun, Doolaara silaa baay’inaan Itoophiyaan baaankii ishee keessaa qabaachuu maltu ni xiqqeessa. Kun ammoo gatiin doolaaraa akka daran dabalu taasisee lammileetti jireenya qaalessa. Kanaafuu gatiin doolaaraa Itoophiyaa keessatti rakasuuf dirqama doolaarri hanga barbaadamuun baankii Itoophiyaa keessa jiraachuu qaba jechudha. Kanaan ala Birriin Itoophiyaa baay’inaan akka oomishamu ta’ee rakasaa deema(increased infliation rate). Waa tokko bituuf birrii kuntaalaan baatanii deemuus nama gaafata. Rakkoo qaala’iinsa Doolaaraa kana furuuf malli tokkoffaan oomisha sharafa alaa argamsiisu heddumminaan oomishuudha. Inni lammataa ammoo rakkoo gabaa gurraachaa kana hanga danda’ameen hir’isuudha. Gochi kun lammilee hunda kan ilaallatudha. Ta’uu baannaan jireenyi akkuma qaala’etti kan itti fufu ta’uu isaati. Kun sababa waantota lammileen bitanii itti fayyadaman baay’een gabaa alaa irraa bitamuufidha. Gama kan biraan, oomishni biyya alaatii bitaman yoo qaala’an, kanneen biyya keessatti oomishamanis ni qaala’u. Fknf; qotee bulaan oomisha alaa dhufe bitachuu kan danda’u yoo omisha oomishe gatii wal simuun gurgurateedha. Egaa waa’een qaala’iinsa sharafa alaa(forien currency)kun dubbii laayyoo miti. Yeroo ammaa kana biyyootni addunyaa hundi oomisha isaanii gabaa addunyaaf dhiyeessaa jiru. Namootni addunyaa ammoo oomisha filatamaa barbaadanii bitatu. Haaluma kanaan biyyoottan addunyaa wal-dorgommii daldalaa gochaa jiru. Addunyaa irratti doolaarri waalta’uun kanumaafi. Waldorgommiin daldalaa addunyaa irratti taasifamu kun ‘Giloobaalaayizeeshin’ (Globalization) jedhamuun beekama. Giloobaalaayizeeshiniin kun dureessota biratti fudhatama argatus, biyyoota hiyyeeeyyii miidhuu isaatiin ammoo ni komatama.
Akkuma yaadatamu ijoon dubbii Ilaalcha Misoomaa keessatti kaafamaa turan, irra jireessaan ilaalcha namootaa irratti kan xiyyeeffatanidha. Fakkeenyaaf :- Qaroominaa, qabeenyaa fi misoomaa, dursuu fi durfamuu, hiyyoomuu fi sooromuu, soorachuu fi dhiisuu, lubbuu fi jiraachuu, amanuu fi mormuu, hogganuu fi hogganamuu fi dinagdee fa’a hunda haala ilaalchaa namootaatiin ilaalaa turre. Ilaalchi ammoo beekumsa fi shaakala namootaa wajjin hariiroo kallattii akka qabus kan dagatamu miti. Gabaabumatti ilaalchi waantota baay’ee akka misoomsuu fi mancaasuus hubannee jirra. Kan barbaachisu garuu misooma. Mitiiree? Kanaafuu ilaalchis isa mancaasu osoo hin taane isa misoomsutu filatama. Eeyyen kanumaafi, kan Ilaalchi Misoomaas Ilaalchaa fi Misooma irratti xiyyeeffate. Yoo ilaalchi misoome waanti hundi misoomuu mala ilaalcha jedhun ilaalcha namootaas ilaale. Maarree kanumaaf dubbistootnis ilaalcha isaanii akka ilaalaniif fedha horate.Ta’uu baannaan, rakkoo mudachuu malus ilaalchumaan ilaalee hubate. Amanuu fi dhiisuun kan abbaati. Akkuma yoo fedhan dursuu yookaan durfamuu fedhanitti. Tarii namni barruu kana dubbise ibsa“namni ilaalchuma isaatiin durooma ykn hiyyooma” jedhame sana mormuu mala. Mormuu fi amanuun mirga jedheera. Innis ilaalchuma waan ta’eef. Eeyyen waanti warqee fakkaatu hundi warqeedha jedhanii amanuun mirga. Garuu warqee ta’uu fi dhiisuun isaa walnama shakkisiisus hubatamuun isaa hin oolu. Qorannaan waanti dhugaa fakkaatu soba ta’uu akka malu ni hubatu. Waanti soba fakkaatus dhugaa ta’uu akkuma malu jechuudha. Namni waanta barraa’e dubbisu kamuu waanta barraa’e hunda amanuu dura qorachuu akka qabus Ilaalchi misoomaa jabeessee deggera. Eyyen atis yoo tarii ibsa isa“namni ilaalchuma isaatiin durooma ykn hiyyooma” jedhu sana amanuu dhabde badii hin qabu. Mormiin siquunnamutu yoo ati ragaa malee mormiteedha malee. Ragaan ati mormiif dhiyeeffattus beekumsa qorannoo irratti hundaa’e ta’uun isaa ammoo dirqama. Namootni baay’een yeroo waa morman beekumsi isaan akka ragaatti dhiyeeffatan tarii beekumsa amantaa ta’uu mala. Kunis caqasa kitaaabbilee amantaa faa bu’uureffata. Waanti hubatamuu qabu garuu kitaabbileen amantaa akkuma maqaan isaa ibsu amantaadha. Inni amanuu fi mormuudha. Ragaan Ilaalcha Misoomaa amansiisu garuu ragaa isa beekumsa qorannoon mirkanaa’uuti. Sababni isaa namootni ilaalcha misoomaa dubbisan namoota amantaa garaa garaa qaban ta’uu waan malaniifi. Egaa Ilaalchi Misoomaa ilaalcha amantaa shakkuu malee kan hin amanne ta’uu isaati. Innoo saayinsii bu’uureffata. Saayinsiin namoota dhugaa barsiisuu fedha, malee garee woyii hin filatu. Eeyyen inni sanyii, siyaasaa fi amantaa irraa bilisa jechuu kooti. Ilaalchi Misoomaa kanaaf saayinsii bu’uureffachuu filate. Ilaalcha namootaa irrattimmoo xiyyeeffate. Ilaalcha qorachuuf ilaalcha namootaa ilaaluun dirqama. Dirqamuma ilaalcha namoota hundaa ilaaluu kanatu ilaalcha amantaas ilaalchise. Kunis sababa namootni baay’een ilaalcha isaanii amantaa isaanii irraa argataniifidha. Namni tokko ilaalcha ittiin:- kun sirriidha! Kun sirrii miti! Kun ni ta’a!, kun hin ta’u! kun gaariidha! Kun gadheedha! Kun jaallatamaa dha! Kun jibbamaa dha! Nan durooma! hin duroomu! Kun cubbuudha! Kun qajeelaadha! fa’a jedhee ilaalu amantaa irraa argachuu mala. Ilaalchuma akkasii kanafaadha kan Ilaalchi Misoomaas ilaale. Akka Ilaalchi Misoomaa ilaalee argetti amantaa qofaan misoomuun shakkii uuma. Amantaan qorannoon hin mirkanoofne soba ta’uu mala. Fknf ilaalcha amataaleen qaban muraasa haa fudhannu. Kanas Kiristaanummaan kan ibsu namoota kan:- mootii, ogeessa, badhaadhaa fi dursaa fa’a taasisu waaqa qofa akka ta’edha.(2Seenaa Baraa 1:1-16), (Isaayaas 45:3) fi (Roomee 13:1-5). Isilaamummaanis: namootni yoo Allah(waaqaaf) akkasumas ergamaa Allah (Muhaammadiif) abboomaman qofa sooressa ta’uu akka danda’an ibsa.(Sura 7:94-97) fi (Sura tul Annaas 4:89-91). Egaa ilaalchi kun sirrii ykn miti jedhanii amanuu fi murmuu gaafata. Kun saayinsii miti, amantaadha. Amanuu fi dhiisuun ammoo mirga jedheera. Egaa amma dubbii goolabuufani. Garuu dursa asiis achis qaroominni akka jiru ammas irra deebi’een siyaadachiisuu fedha. Eeyyeen qaroominni asis achis inuma jira. Tarii garaa garummaan uumamu, gaaffii ’Qaroominni maali? ykn maaliin ibsama? jedhu deebisuu irratti yoo ta’ee malee. Argannoon garaa garaa gama astroonoomiin ibsaman, tasa waaqaarraa lafa hin dhoofne. Xiinxala beektotaa fayyadamuun kanneen argamanidha malee. Argannoowwan kunniin uumama (natural) qorachuun, kanneen namootni biyyoota garaa garaa biyyaa isaaniif ykn addunyaaf gumaachaniidha. Namootni dhaha hedan, hunda ta’uu baatanis, kanneen ga’ee guddaaa taphacha turan muraasni ni jiru. Namootni qaqqaaliin kunniin baay’een isaanii sababa ilaalchaf jecha tuffatamaa kanneen turanidha. Fknf; namootni akka Albert Einistien hiriyyaa hin qaban turan. Garuu bu’aa guddaa addunyaaf gumaachaniiru. Beektotni oromoo Ayyaantuu(Qaalluu) jedhamuun beekamanis, qaroomina uummata oromoo keessati ga’ee guddaa kanneen taphachaa turaniidha. Garuu maqaan isaanii hagasmara hin leellifamne. Inumaayyuu amantaa alaa dhufeen namootni macha’an beekaa oromoo kana tuffachaa jiru. Tarii kunis qaroomina ta’uu isaati! Isaan macha’an kunniin amantaa qofaan miti kan machaa’an. Siyaasa isa itti fakkeessaaf isaaniif boocames, akka qaroominaatti dhuganiitu machaa’anii sirbaa jiru. Oromoon osoo akka har’aa lafti isaa ciccitee hin sararamin dura, ganda hin turre. Bal’ifachuuf malee foxxoquufis yaalii hin goone. Oromoon Oromoo akka isaatii dhiifnaan hormayyuu akka itti Oromoomsan ni beeka ture. Oromoon durii isa akka har’aa daangaa eenyu isaaf sarare osoo hin hubatin sirbu kan hin turre jechuu kooti. Waanti hunduu dandeettii, xiinxala, jaalalaa fi haqaan murteeffama ture. Eeyyen ofittummaa, arrabsoofi jedhi jedhiin hin murteeffamu ture. Inni har’aa kun ilmi abbaatti hin baane eessaa akka dhufe anaaf hin galle. Yoo jedhi naan jettemmoo Oromoon ergataa malee ergamaas hin turreem. Biyyootni ilaalchaan qaroomanii misooman baay’een isaanii qabeenya hormaa malaan ofitti dabalu malee narraa achi citi hin jedhaniim. Kanumaaf jaalala fi gargaarsa woyii fakkeessanii faa dubbii eegalu. Waan hunda kan dursu jaalala akka ta’e gadi fageessanii xiinxalu. Jibbamaa ykn bulguu of fakkeessanii nama dhuunfachuun kan hin malle ta’uus bareechanii beeku. Akka nama maraateetti of beeksisuun maqaa ofiitti cilee dibuu dha. Maqaan bannaan ammoo dubbiin baddeetti. Oromoon maqaa bades hin qabu ture. Namoota waliin jiraachuu keessattis jaalalaa fi haammachuun beekama. Diina caalaas fira isaatu baay’ata. Wolii isaa ajjeesuun hafnaan diinayyuu garmalee hin miidhu ture. Ajjeesaafi ajeessaan maqaa ormootiin daldalu eessaa akka bu’e naaf hin galu. Egaa dhaamsa koo dhageesse dhaga’i ati firakoo! Hubadhu! Dubbiifi gochi beekaa irraa qofa bareeda. Eeyyen atis ta’i beekaa! Bareechi gochafi dubbiikee! Hin ta’in maaloo ati doofaa ykn wallaalaa woyii! Doofaan waan badeen maqaaf dhugaa balleessa. Ati cilee hin dibin! eegadhu maqaa keef kan sabaa! Eeyyen dursii beekaa ta’i! Qori waan hundumaa! Gadi fageenyaan ilaali hubadhu ati irraafi jalasaa! Yoo sana goote mormii maaliin qaba akkati dursitu. Anoo shikkii hinqabu sirraa, eeyyeen simatu dursa! Uffeeka! dhibeen koos fayye silaa, isatuu nahuqqisa. Gurri kooyyuu kanumaaf guungumee natti uursa. Kanaafan dursi! Beekaa ta’i! Ofkali! Jedhee sieebbisa. Eeyyen atumti dursi! Yoo ati dursitun anis dursaa!
Asoosama Dheeraa
Mil’uu Miliquu
Boqonnaa Tokko
Maatii guddaa baadiyaa Birraa yeroo nyaata asheeta boqqolloo galgala galgala walitti naanna’anii jimmaa jimmiiteefi hibboo taphatan keessattin dhaladhe. Mootiin maatii keenyaa_ abbaankoo yeroo hedduu hojii oolanii yeroo galan miilla isaanii dhiqsiifatanii, dagalfatanii ciisanii nama gorsuu jaalatu. Erga irbaanni nyaatamee booda, yeroo maatii keenya keessaa namtokko ka’ee jimmaa jimmiitee jedhee nama kolfe abaaree, nama obse immoo lafaaf biyya kennee eebbisee, cilaattiifi daaraa fuulatti dibatee mana keessa olii gad kaatu, abbaankoo taa’anii hunda taajjabu. Kaan kolfa qabachuu dadhabee akkuma sangaa siddisa nyaatee bokokee, utaalee futtaafata. Kaan immoo fuula cocorreefi buburree kana dandamatee osoo takkaa ilkaan hinsaaqiin, erga abbaan jimmaa jimmiitee missinee dadhabee booda, yeroo inni kukuluutuu jedhu, bariite jedha. Eebba isaas unata. Akka cimaattis lakkaawwama. Taphichas akka injifateetti ilaalama. Abbaankoo jaarsi nama guddaan taa’anii kana hundaa taajjaban, jireenya dhala namaa erga gaafa dhalatanii hanga guyyaa du’aniitti jiru madaalanii, muuxannoo bara jireenya isaanii waliin walqabsiisanii gorsa tokko tokko nu gorsu. Isaanis guyyaa galgala tokko, yeroo nuyi jimmaa jimmiiteef hibboo taphannee xumurru walitti nu qabaniiti, jecha addaa tokkoon nu gorsan. 2 “Elaamee ijoolleekoo…… Namni lafa kanarratti gaafa uumamu akeeka uumameef qaba. Akeeka uumameef kana bira ga’uuf yookaan raawwachuuf garuu laggeen gurguddoo sadii kan irra cee’uuf hedduu nama rakkisan jiru. Laggeen kunis: Fe’isa fe’amee hinhiikamne, qara qaramee hindoomneefi nama du’ee du’aa hinkaanedha. Garuu namni jabaan waan godhuuf maaliif akka godhu beeku laggeen kana riqicha mataa isaatiin irra taruu danda’a. Kunis ta’uu kan danda’u namni nama ta’ee qaamaaf yaada fayyaa qabu akka nama lafarra deemuutti of ilaaluu dhiisee yoo akka nama mukarra ciisuutti of ilaaledha. Namni mukarra ciisus guyyaa yookaan torbee dagachuu osoo hintaane maaykiroo sekoondii tokko dagachuutu lafee nama cabsee qaama nama laamshessa. Ajjeessee achiin hambisuus indanda’a” jedhan. Maatiin gorsa kana taa’ee dhaggeeffataa tures nama hedduu ture. Keessaa garuu obbolaan waliin dhaladhe ana malee nama torba turan. Namoonni haala adda addaatiin miseensa maatii keenyaa ta’anii gorsa abbaakoo dhaggeeffataa turanis lakkoofsaan baay’ina obbolaakoo kanaa gad kan ta’an miti. Ani maqaankoo Jaawwaraa Caattooti. Maqaan haadhakoo ishii ana deessee immoo Rabbituu Beekaa jedhamti. Obbolaan waliin dhaladhe keessaas dhiirri nama shani. Maqaan isaaniis angafa irraa gara quxisuutti; Milkii, Namoomsaa, Hulluuqaa, Abdiifi Dorcaa Caattoo jedhamu. Warri hafan dubartoonni lamaan immoo Marartii Caattoofi Galgalee Caattoo jedhamu. Egaa ana waliin abbaankoo dhiira ja’a qaba. Anis abbaakoof mucaa afraffaadha. Hulluuqaatti aanee jechuudha_ dhalootaan. Anis egaa dhalootaan tokkicha_ nama qobummaan isa jeequ, akka hintaane rabbiin galateeffachaa 3 obbolaakoo ofcinaatti ilaaleen beeka. Haata’u malee dhalootaan qobummaan yoo natti dhagahamuu baate iyyuu seeruma uumaa hiree jireenya dhala namaa kan ta’e hojiin waan jiruuf, hojjechuuf immoo barnoonni murteessaa waan ta’eef akkuma obbolaakoo warra angafaa baratanii hojii irra jiranii, anis jireenyakoo fuuladuraaf jecha barnootaan qobaa ta’uu ergan eegalee waggoota muraasa lakkoofsisuu eegaleera. Garuu duraan osoo waggoota qobummaa kana lakkoofsisuu hineegaliin yeroon sabaafi uummata lammiikoo keessa taa’ee barnoota sadarkaa tokkoffaa barachaa ture, barnootakootti akkuma obbolootakoo angafaa barataa cimaan ture. Qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 8ffaa s gaarii fideen gara isa itti aanu kan afaan Ingiliziitiin baratamuutti darbe _ mana barnootaa sadarkaa olaanaa. Akkuma sadarkaan barnootakoo dabalaa adeemeen, gostiifi qabiiyyeen barnootaa dabalaa adeemuun osoo ana hinjeeqiin wanti ani beekuufi himuu hindandeenye na jeequu jalqaban_ yeroo sanatti. Sadarkaa barnootaa kanatti ergan darbee booda egaa waxxeen qormaata jireenyaa anuma mataakoo irraafi kan anaan ala naannookoo jiran irraa natti waxxifamuu jalqabe. Dhiigni dargagummaa akka qeerransa kiyyoon qabee ana keessaa wixxifatuufi qormaanni jireenyaa akka laga Mormor ganna ganna jirma guuree yaa’uu, narratti walga’anii akka qilleensa birraa olii gadi na raasuu eegalani. Mukti qilleensaan raafame yoo hunda ta’uu baate illee osoo hinjaalatiin baala lama sadii osoo gad hinlakkisiin hinhafu. Garuu muka baala qabu yoo ta’edha malee muka baala hinqabne qilleensuu hinraasu. Raasamus waan lakkisu hinqabu. Anis guutummaa guutuutti namummaakoofi hojiikoo gad lakkisuu baadhus hamma ta’e of dagachuunkoo 4 hinoolle_ waxxee qormaata jireenyaa anatti waxxifaman kanaan. Xiqqaattus hamma humna ishii narratti milkoofteetti. Akka nama du’ee muka baala hinqabnetti fakkeeffamuu baadhus, qabxii barattoonni ani dorgomu fidan biratti, kankoo boquukoo ‘mataa muka qagii’ na goote. Lafa na ilaalchifte. Anis akkuma nama qoosee dhahamee guyyaan qabxiikoo_ jechuun kan kutaa 10ffaa argee eegalee boquun ol na jechuu dadhabe. Waanumti halle akka nama gabaatti alba’ee qaanii natti ta’e. Leeyyoon natti duule. Guyyaa tokko yaadaan badee magaala keessa osoon deemuu miilumtikoo fuudhee mana dubbisa kitaabaa uummata magaala Shaambuutti na baase. Anis xiqqoo balbala mana kitaabaa kana fuuldura ijaajjeen waanuman arge seeneen dubbisa, hamman magaala keessa jooru jedheen ol itti seene. Xiqqoo kitaabota hiriira galanii nalaalan sana ijaan irra fiigeen, keessaa tokko kitaaba ‘sooshaal rileeshin’ jedhu suuta fudheen gara teessuma rakkoo jiru tokkootti siqeen irra gad taa’e. Dubbisuus nan eegale. Akkuman waa dubbiseen mata dureen ani dubbise yaadnisaa naaf galuu dide. Iddoo naaf galun dubbisa jedheen as duubatti deebi’ee baafata kitaabichaa tokko tokkoosaa yaada qalbiin ilaale. Xiqquma gad siqeen maqaa Albert Inistaayen jedhu yeroon argu dafeen fuula baafatichaa ilaale. Albert Inistaayen, barnoota sadarkaa gadii yeroon baradhu namoota bebbeekamoo hayyoota addunyaa jedhaman keessatti yeroo baay’ee maqaasaa waanan dhagahuufi malee maaliif akkan dubbisu, maal akkan dubbisu waanin karoorfadhee manaa bahe tokko illee hinjiru. Osoon joonja’ee magaala keessa jooruu Kitaabuman dubbisa jedheen olseene malee. 5 Garuu akkuma nama karoorfatee dhufee, mata duree keessaa filadheen gara fuula baafatichaa dhaqee dubbisuu eegale. Fuula sadan tokko akkuman dubbiseen jecha “namni qormaanni itti baay’atu yoo qormaaticha mo’ichaan irra darbe beekumsi isaa inbaay’ata” jedhun arge. Akkuman jecha kana dubbiseen yaadni isaa ifa naaf ta’uu dideeti, akka dambalii bishaan haroo qilleensi raasuu, sammuukoo keessa gaggaragaluu eegale. Qormaata akkamii? Isa barsiisaan mana barumsaatti nu qorudhamoo? Kun immoo akkamiin nama qormaanni itti baay’atu jedhama? Barataan kutaa sana keessa jiru hundihoo baay’ina gaaffii qormaataas ta’e gosa qormaataa wal fakkaatu fudhataa, Maal jechuu barbaadeeti? Warri mana barumsaa galanii barachuuf carraa hinargannehoo? Qormaanni kun isaan hinilaallatu laata? jedheen oljedhee gorroo mana dubbisa kitaabaa irra ijakoo hordeen yaadaan buusee baase. Ta’us qormaatichi nama lafa tokkorra jiru keessaa tokkotti baay’atee tokkotti xiqqaatu isa kam akka ta’e walii baree murteessuu dadhabeen yaadakoo hiixatee ijakoo gorrootti fannise gad dachaafadhe. Jechuma kitaabichaa hima kanaaf ibsa kennan, jechichumatti aanseen yaada qalbiin dubbisuu eegale. Dubbisee dubbisee gara gidduu yaadichaa yeroon ga’u, „ qormaanni kunis kaayyoo dhalli namaa bira ga’uuf yookaan argachuuf kaayyeffatee gara fuuladuraatti itti adeemuufi namticha abbaa kaayyoo yookaan dhala namaa gidduu fageenya yaadaatu jira. Deemsa fageenya yaadaa kana keessas qaamaanis ta’e yaadaan tabba osoo fiigaani nama dhaabu, irraangadee osoo dhaabatanii nama fiigsu, hirriba osoo sireen jiruu nama didu, ija osoo aduun ba’uu fayyaa ta’ee argaa dhabuufi ta’iiwwan hunda akka kanaa dugdaafi 6 garaa ta’an kan qaamota miiraa dhala namaan hubatamaniifi hinhubatamne, adeemsa fageenya yaadaa kaayyoofi abbaa kaayyoo gidduutti nama mudatanidha” jedhun dubbise. Ta’iiwwan dugdaafi garaa yookaan qormaata jireenyaa ta’an kunis lakkoofsaan hammana jedhamanii beekamuu baatanillee baay’inni isaanii daandii adeemsa fageenya yaadaa, kaayyoofi abbaa kaayyoo gidduutti, abbaa kaayyoo yookaan dhala namaa mudatan kun, ulfinaanis ta’e baay’inaan, namaa namattis ta’e baraa baratti garaagara. Kanaafuu nama ta’iiwwan akkanaa kun deemsa fageenya yaadaa kana gidduutti itti baay’ataniifi namni ta’iiwwan kana yookaan qormaata jireenyaa kana injifannoon irra tarkaanfatee deemsa fageenyaa kana xumure_ jechuun kan kaayyoo isaa biraan ga’e, beekumsa guddaa argata jechuu dha. Kunis jedha, namni kaayyoo kaayyeffate biraan ga’e hundi beekumsa guddaa wal qixa qaba jechuu miti. Maaliif jennaan, hamma guddina beekumsaa kan murteessu hamma mudannoo qormaata jireenyaa deemsa fageenyaa sana gidduutti nama mudatanii injifannoodhaan irra darbamaniiti malee, namni waan hawwu yookaan kaayyoo isaa biraan ga’e hunduu beekumsa guddaa qaba jechuu miti_ abbaan carraafi haala yeroon milkaa’uunis waan jiruuf. Haata’u malee namni ta’iiwwan dugdaafi garaa yookaan qormaanni jireenyaa itti baay’atan, garuu mo’ichaan irra darbaman beekumsa dabalata yeroo jedhamu, abbaa kaayyoo ta’iiwwan kanatu beekumsa badhaasa jechuu miti. Nama qormaanni akkasii itti baay’atu beekumsi itti baay’ata yeroo jedhamu, hojii humnaa qottoon muka kutuu yookaan laga utaalanii ce’uu jechuu osoo hintaane. Yeroo qormaanni tokko simudatu qormaaticha injifannoon darbuuf yaada ati itti yaaddee keessa darbuuf karaa sirriidha jettee murteessite, 7 yoo sirrii ta’ee sidabarse ati beekumsaa akka dabalatte agarsiisa. Garuu karaan filatanii keessa darban hunduu sirriidha jechuu miti. Kanaaf laga ce’uuf, utaaluu dura yaada karaan itti laga cehan maal maaltu jira? Isaan keessaahoo kamtu hunda irra akka salphaatti na ceesisa? Jirma mukaa daandii ati deemtu irratti jigee jiru yoo siqunname immoo, qottootiin kutuu dura irra tarkaanfachuumoo, gad gangalchuumoo qottoon kutuu wayya jettee, tarkaanfachuufis ta’e gad gangalchuuf humnakee, kuttee gatuuf waan itti kutan qabaachuukee, akkasumas tooftaalee mirga namaatti hinbuune biroo wal bira qabdee yaaddee kan ati keessaa filattee ittiin irra tarte gochaadha. Garuu yaadni gochaa kana gochaalee keessaa filatee milkaa’ee si ceesise kun siif beekumsa. Beekumsa dabala jechuunis, daandiin yookaan gochaan ati filatte akkuma garaagarummaa qormaata simudataniitti garaagara waan ta’aniif, yaadni karaa darbinsaa kana yaadee murteesses tokko tokkoon isaa akkuma baay’ina qormaatichaan beekumsa adda addaa burqisiisa. Kanaafi egaa namni qormaanni itti baay’atuufi qormaaticha injifannoon irra tare beekumsi itti baay’ata kan jedhameefii jedha _ibsi kitaabichaa. Anis kitaabicha akkuma gundoo fuuldurakoo diriirseen, ergaa jechootan dubbisaa turee kana jireenyakoo darbeefi kaayyookoo kan gara fuuladuraa wajjin walitti fideen xiqqoo galaana yaadaan daake _ mana dubbisa kitaabaa uummata magaalaa shaambuu keessa taa’ee. Yeroo kana anis battalumaan waan lama sammuutti of fide_ osoo hinjaalatiin. Inni tokkoffaan, Albert Inistaayen yeroo “adeemsa fageenya yaadaa” jedhee ibsa laatu waa’ee 8 kaayyoo dubbatee ture. Innis adeemsa abbaa kaayyoo yookaan dhala namaa irraa gara kaayyootti adeemamu yeroo jedhu, kaayyoon fuuldura dhala namaatti akka argamuufi tasuma iyyuu duuba abbaa kaayyoo akka hintaane. Osuma waltumsuun barbaachisaa ta’uu, kan geejjiba dhuunfaafi karaa dhuunfaatiin bira ga’amu akka ta’e nan hubadhe. Garuu deemsi fageenya yaadaa qormaata jireenyaa injifachuuf deemamu jiraachuuf, dirqama kaayyoofi abbaan kaayyoo yookaan dhalli namaa jiraachuu akka qaban sammuukootti dhufe. Maaliif? Adeemsi fageenyaa jalqabuuf ka’umsa (abbaa kaayyoo) xumuruuf immoo dhuma (kaayyoo) yoo qabaate malee adeemsa hawwaa keessaa waan ta’uufi. Kan gaaffii natti ta’e garuu namni nama ta’ee kaayyoo hinqabne jiraayi? Yoo jiraate maddi beekumsa isaa maal ta’aree? Qormaata jireenyaa beekuu laata? Warri qaamaan nama ta’anii yaadaan akka namaatti ofiifis ta’e sabaaf waan boruu hin yaadne warra akkasii tayinnaa? Warra seera uumaa cabsanii, waan darbeefi waan du’e walii wallaalanii akka waan jiruutti irratti bobba’anii, kan mataa ofiif saba burjaajessan. Biyya keenya keessa jiruu laata? Moo biyyuu kan isaaniitii? Ani hinbeeku deebisaa. Garuu warri dhiyoo kana haalaaf lafa mijate irratti dhalatanii akka duumessaafi hurrii baddaatti lafa qabatanii tiratan kun, kan warra keenya ifaan dimismisa dukkanaa keessa deemsisan sammuutti na dhufnaan malee. Isaanumaafan dhiisa hamma of baranii deebii gaaffii kanaa deebisanitti. Ta’uu baannaan osoo beekumsaa hinargatiin bara isaanii guutuu osoo ofiif saba burjaajessanii du’anii hobbaafatu. Kana beekuun jalqaba isaanuma mataa isaanii, warra akka daawwitii ofii of duuba wallaalanii karaa fuuladuraa kan dura qaban agarsiisan, fayyada waan ta’eef. Haa taa’u qadaadamee hamma gaafa 9 deebii argatuutti. Baraaf waaqa malee namni kanaaf waan deebii qabu natti hinfakkaatu. Inni lammataa ani kitaaba kana irraa hubadhe immoo, ani Jaawwaraan_ ilmi abbaa Milkii waxxee qormaata jireenyaa anaafi wantoota anaan ala jiran irraa anatti waxxifamaniin, bakka hiriyyaakoo ga’uu dadhabee akka nama gabaatti alba’ee boquunkoo gadi cabee deemu, guyyaa baay’ee kaniin keessa darbuuf murteesse, boquuma cabsee osoo hiriyyootakoo ija isaanii hinilaaliin, mana barumsaama ooleen gala jedheen ture_ yoon milkaa’eef hamman biyya nama maalummaakoo hinbeeknee dhaqutti. Garuu maaltu boquukoo akka cabse, furmaanni isaa boquukoo ol qabu immoo maal akka ta’e, guyyaa tokko illee yaadee hinbeeku. Kun immoo dogoggorakoo isa guddaa akka ta’e, guyyaa ayyaantuu guyyaan kitaaba kana itti dubbisen hubadhe. Ergan hubadhees, waxxeen kun qormaata jireenyaa akka ta’eefi qormaata kanaaf gad cabuunkoo furmaata akka hintaaneefi beekumsaa dabalachuuf dadhabuukoo, akkasumas beekumsaa dabalachuuf immoo kaayyoo lafa qabate yookaan kaayyoo bishaan gabatee irraa hintaane kan fuuladurakootti argamu qabaadhee gufuu baay’ee anaaf isa gidduu jiru injifannoon irra darbuu akka ta’e hubadheen murteessee dhugaa bahe dogoggoruukoo. Innis qormaata mo’anii irra darbanii beekumsa badhaasamaniif osoo hin yaaliin waxxee qormaata jireenyaa natti waxxifamaniif ganamaan jilbeeffachuukoo. Isan boquu cabsee oolee galuuf murteessee, amaleeffadhee tures, guyyaa kanaa eegalee kaayyookoo of fuuldura dhaabee, deemsa fageenya yaadaa anaafi kaayyookoo gidduu diriiree qormaata jireenyaan guutame, injifannoon irra tarkaanfadhee 10 kaayyookoo biraan ga’uuf ofumaa ofif murteesseen kitaabicha iddoo isaatti deebisee gara manakoo ishii golli ishiis, bakki ciisichaas, bakki nyaataas, bakki qo’annaas kutaama tokkoon guutamte mana kiraayiikootti, ofitti odeessaan ba’ee qajeele. Kana hundaayyuu kanaan murteesse egaa, qabxiinkoo baay’ee ana gammachiisuu baatus barnoota sadarkaa qophaa’inaa (preparatory) seenuuf ga’aa waan ta’eef baradhee boodas, barnoonni sadarkaa dhaabbilee barnoota olaanaa hedduun kaayyoo garaagaraa waliin akkuma fuuldurakoo jiru qormaanni jireenyaa hedduunis gidduu keenya waan jiraniif sodaa tokko malee injifannoon irra darbuufi. Haa ta’u malee har’uma guyyaa yaadnikoo kana murteesseefi, yaadnikoo galgalaa ergaan wantan dubbisaa oole deddeebisee yaadee waan baay’ee wal gate. Gaaffii natti uume. Naburjaajesse_ yaadnikoo. Mannikoo ishiin mana kiraayii kutaa tokko qofaa qabdi. Garuu kutaan qo’annaakoos, kutaan nyaataakoos, kutaan ciisichaakoos hunduu osoo adda addaan naaf ta’e baay’ee natti tola ture. Fedhaafi hawwii kana hundaa kutaa qofa qofaatti kan gaafatu qabaachuu miti, tokkittiimti tajaajila kana hundaa laattu iyyuu kankoo yookaan kan abbaakoo akka hintaane mana kiraayii ta’uusheen hubadhe_ kan nama ormaa. Kun immoo anaaf qormaata jireenyaati. Barachuun kaayyookoo waan tureef_ yeroo sanatti. Kana hundaa garuu kutaa tokko keessatti fayyadamee barattoota ijoollee sooressaa kan kutaan tajaajila adda addaa kun hundi isaaniif guutame waliin mana barumsaa tokkoofi kutaa tokko keessa taa’ee dorgomaa tokko ta’ee osoo addaan hinkutiin barachuunkoo mala dhahee qormaata jireenyaa tokko injifadhee beekumsaa dabalachuukoo agarsiisa jedheen of 11 waliin yaada wal jijjiiree of gammachiisuu eegale_ beekumsa badhaasamuukoo. Kana duwwaas miti kaniin dur calliseetuma mana barumsaa oolee galu, har’aa kaasee maaliif akkan mana barumsaa deemu beekuun qaba jedheen taa’ee of gaaffe_ Sodaa qormaata jireenyaan kaayyookoo dheessee akka biraa hinbadneef. Deebiinsaa garuu kaayyookoo tokkicha lafa qabate qabaadhee fuulduratti itti adeemuuf waan lama natti ta’eeti kanan filadhu ana wallaalchise. Inni tokko mana barumsaa dhaquun anaaf kaayyookooti moo? jedha, inni kan biroon immoo mana barumsaa dhaquun daandii deemsakoo kaayyookootti ana geessudha jedhee yaadakoo waliin dhaha. Xiqqoo tokko taa’een keessakoo dhaggeeffachaa yaade. Manni barumsaafi barnoonni isaan lachuu kaayyookoof daandii akka ta’aniifi akkasumas deemsa anaafi kaayyookoo gidduutti, qormaata jireenyaa ana mudatan injifachuuf garuu manni barumsaafi barnoonni kaayyookoo ta’aniiti karaa itti kaayyicha lafa qabate bakkaan ga’an deemsakoo fuuladuratti butu. Garuu akkuma haalaafi bifa qormaatichaa irratti hundaa’ee daandii, mana barumsaafi barnoota kaayyoo taasisu akkan filadhu nan murteesse. Yeroo kana egaa, daandiin kaayyoo lafa qabatetti nama geessu yeroo tokko tokko bifa jijjiirratee, kaayyoo illee fakkaatee, daandiin kun kaayyoo kaayyootti nama geessu fakkaatee akka mul’atu ija yaadaanan arge. Ta’us jalqaba deemsakoof of godhadhee deemsakoo xumuruuf dhumni isaa kaayyookoo isa lafa qabatedha, jedhee ergaan xiqqoo yaadee booda ammas sammuunkoo qormaata 12 jireenyaan waxalamaa ture gaaffii biraa natti dhale. Kunis qormaata jireenyaa, deemsa fageenya yaadaa kaayyoo bira ga’uuf taasisu keessatti ana qunnaman hunda, moo’ichaan darbee kaayyookoo bira yoon ga’e isaa booda kaayyoo qabaachuuf xumura irran ga’emoo? Kaayyoon biraa ammas fuuladura jira jedheen of gaaffe. Battalumatti gaaffiin of gaafadheef sammuunkoo hiikkaa xiinxala jechootaan dubbisaa oole irraa jireenyakoo darbe waliin wal bira qabee deebii naa erge_ haa galatoomu. Akkana jedhe. Wanti wanta tokkoof xumura ta’e wanta isatti aanee gara fuuladuraatti jiruuf jalqaba ta’a jedhe. Anis itti amaneen kaayyoo tokko qormaata jireenyaa injifatanii biraan ga’uun kaayyoo biraa itti aanuuf karaa soquu jalqabuu yookaan ka’umsa akka ta’e nan hubadhe. Kanaafuu kaayyoon dhala namaa dhuma hinqabu, garuu seeruma uumaa ta’ee umriin dhala namaa, guyyaan beellamaa wallaalamus, dhuma waan qabuuf ammaan lubbuun jirutti karaa gara kaayyootti, kaayyoo gara karaatti jijjiiruu, seera uumaa gufuu daandii jireenyaa ittiin irra taran kana, waan gochuu hindandeenye itti dhama’ee humnakoo galata muka qoraanii gochuufi waanan gochuu qabu osoo hingodhiin hafee asheeta daraaree osoo ija hin naqatiin caamsaan qaqqabe osoo of hintaasisiin waanan gochuu danda’u gochuuf waadaa ofiif seeneen qabattookoo jabeeffadhee bixxillee xaafii nyaachaa barnootakoo kutaa 11ffaa eegale. ***** Egaa, durillee yeroon barnoota sadarkaa tokkoffaas ta’e sagaliif kudhan baradhe, lakkoofsaan akka malee hedduummannu illee baay’een keenya ijaan wal beekna_ 13 barattoonni. Naannooma tokkoo dhufne waan ta’eef. Kutaa 11ffaa ergan eegalee garuu akka duraanii baay’inaan hagas hedduu miti. Ta’ullee barattoota daree adda addaa, waliin mana barumsaa barannu keessatti hedduun keenya bifaan illee wal agarree hinbeeknu. Kunis kan ta’eef barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa na waliin fudhatan hedduun isaanii qabxii gara sadarkaa barnoota qophaa’inaatti isaan dabarsu waan dhufuufii dideef, hunduu gara na baasa jedhee filatetti adduma adda faffaca’eera. Kaan gara qonnaatti, kaan gara daldalaa, kan qarshiifi lafa dhabe immoo kaan gara hannaaf saamichaa, kaan immoo isa qabuuf hojjechaa du’aaf jireenya gidduu marmaaru_ gaaf tokko tokkotti kufuun isaaniis hinoolu. Barattoonni qophaa’inaaf dabarres xiqqoo kan ijaan wal beeknu illee daree adda addaatti bittinoofnee jirra. Warri mana bornootaa biraa kan akka Finca’aa, Jaartee, Haratoo, Saqalaafi Abee Dongoroo irraa carraa akka keenyaa_ qabxii qophaa’ina isaan seensisu argatan, manni barumsaa qophaa’inaa yeroo sanatti iddoo ani itti baradhe mana barumsaa magaalaa Shaambuu malee kan isaanitti dhiyaatu waan hinjirreef, barattoota bakka biraatii fira qaban malee, baay’een isaanii dhufanii galmaa’anii barnoota eegalaniiru. Baay’een keenya egaa keessummaa waan walitti taaneef, garuu manni barumsaa nuyi hundi itti walgeenye immoo dhuunfaatti abbaa manaa akka mana dhuunfaatti waan hinqabneef, kan ka’ee wal haa barru kun abalu jedhama, an abaluun jedhama, dubbadhaa, taphadhaa jedhe tokkollee hinturre. Hunduu ija lafa jalaan hatee hatee wal ilaaluu malee. Barnoota eegallee ji’a tokko erga darbee booda yeroo hunduu akkuma walitti dhiyaatee taa’uun wal taphachiisuu eegalu, anis kan ana cinaa waliin waa’ee barnootaa dur bakka turretti 14 dabarsinee, taphachuun eeagale. Osuma seenaan barnootakoo darbee madaa qubaa natti ta’uu. Akka carraa ta’ee barataan ana cinaa taa’e barataa mana barumsaa Haratootti xumure Kifilee Zamanuu jedhama. Maqaas wal barree wal kokkofalchiisaa hasaasuu erga jalqabnee guyyaan bubbuleera. Guyyaama dhufee darbu baay’ee garaa wal barree waa baay’ee waliin taphachuutti kaane. Ajandaa guddicha bara dargaggummaa kan ta’e, waa’ee shamarranii kaasnee erga waliin qoosnee booda, shamarroota mana barumsaa biraa irraa dhufan daree keessaa halaalatti ijaan barbaaduu eegalle. Akkuma tasaa yeroo iji keenya shamarroota sadii kan taa’umsa gara gamaa irra taa’an waliin wal irra bu’us gaduma jennee akka nama qaana’eetti ofii wal ilaallee walitti kofalla_ anaaf Kifileen. Shamarran nuti hannee isaan ilaallu kunis osuma nu arganii akka nama hinagarree sobanii gama gama ilaalu malee qaanii keenya kana nurratti hubachuu hinoolle. Bulee bubbulee isaanis nu ilaalanii wal ilaalu. Nikokkolfu. Yeroo hundaa deddeebi’anii ijaan nu mil’atu. Guyyaa tokkodha egaa kan yeroo kaan, yeroo hunda, si’an ijaan isaan ilaalu kolfanis callisanis, ani garaakootti kolfee gammadu, waan haaraan kan na mudate. Innis, kolfa shamarreen sun nu mil’atanii kolfan, yeroo hunda iyyuu yerooma ilkaan saaqan ijaan halaalatti agarra malee sagaleedhaan kolfa ishii kamiitu akka bareedus ta’e fokkisu gurraan dhageenyee hinbeeknu. Garuu ijikoo dur gamatti fuula isaanii ilaalee nikolfu, nicallisu jedhee sammuukootti himaa ture, har’a altokkittii baallee ijakoo olqabadhee garuman dur baretti yeroon ibsaa ijakoo ibsu, ijashee bongol gootee xiqqoo na ilaalteeti kan dur ijikoo argu kolfa seeqa ilkaanshee dhiistee calluma jette_ waan haaraa. Ergan ishii ilaaluu jalqabee kan ani argee 15 hinbeekne nyaara guurtee lafa ilaalte. Anis akka nahuu taheen callisee osoo ijakoo irraa hinbuqqisiin kan durii caalaan ishee ilaale_ ija baasee. Yeroo kana egaa galma onneekoo irraa ka’ee daandii carara ibsaa ijakoo irra deemee habbuuqqaa jaalalaa geessee osoo ishiitti hinhimiiniifi itti hinkenniin toluma, kolfasheefi seeqa ishii irraa gammachuu kan naa fidaa ture har’a daandii summii hirriba nama dhowwu irra daldalan ta’ee achii as ija babaasisaasaa natti guure_ yaadnikoo. Anis akka of wareeruu ta’eeni mucaa ana cinaa taa’u kana_ Kifilee, kottu waa wal mari’anna jedheen mataasaa qabee gara kootti ofitti qabe. Innis gadi natti jedheeti « maali Jaawwaraa har’ammoo dubartootittii yeroo hundaa as nu laaltu kana ijaan illee ilaalteema kolfuu iyyuu irraanfattehoo » na jedhe. Kifilee… ana dursitee dubbatte malee kaniin mari’anna siin jedhe illee waa’ema kanaati. Kanaan booda, ani har’aa kaasee akka kanaan duraa hunduma isaaniitti ilkaankoo hin yaasu. Garuu isaan keessaa ishii mucaa dhiiraa mataa jigaa sanaafi intalittii diimtuu mataa dheeraa sana gidduu teessu du’een bada malee hindhiisu. Yoo dhuguma hiriyyaakoo taate ammaa kaasii mala naaf barbaadi karaan intala kana itti argadhu jedheen intalittii ijikoo ilaalee sammuunkoo wareere sana kifileetti agarsiifadhe_ mudannoo haaraa har’a na mudatee qaama na rom’isiise of keessa dhoksee. Kifileenis “duraan dursa garuu Jaawwaraa gaaffii ani sigaafadhu fedhakeetiin dhugaa onneekee keessa jiru naa deebisuuf ati eeyyamamaadhaa ?” jedhee na gaafate. 16 Eeyyee, waanan beeku hinbeeku, siin hinjedhu. Waan barbaadde sodaa tokko malee na gaafadhu jedheen ija isaa keessa ija jaalalaan ilaale. Innis xiqqoo lafa hedeeti, “toleka Jaawweekoo” jedhe. Ana gaafachuuf waan afaan banate fakkaateeti achumaan callisee na ilaale. Maali? maal taate? sin gaafadha jettee na gaafachuu sodaattemoo, maal shakkite? jedheen anis ija isaa keessa ilaale. Haalli fuula isaas kan dur waliin qaaqnu irraa adda natti ta’e. “Lakki hinsodaanneyyuu. Jaawwee, haa ta’u malee ati hanga har’aatti jaalallee jaalala waliin dabarsite qabdaa?” jedhe. Afaanii baasee na gaafate_ fuulaafi haalaan ani itti himes tapha durii irraa adda waan itti ta’e natti fakkaata. Lakki, jaalalleen jaalala waliin dabarse hanga ammaatti hinqabu. Garuu shamarran tokko tokko ishuma gaafa gabaatti karaatti wal agarree waliin taphannu malee, jaalallee dhugaa hamma du’aa dullumaatti naa taati, waliinan jireenya biyya lafaa dabarsa jedhee qabadheeru hinqabu jedheen dhugaa onneekoo keessaa osoo hindhoksiin kan natti fakkaate itti hime. “Ihii … maal maal jette aboo. Jaalallee hamma du’aa dullumaatti ana waliin taatun godhadha jetteetiire, ati amma intala gama teessu kana kan naaf haasofsiisi na jettu” naan jedhe_ Kifileen. Eeyyeekaa . Kun sii hingallee ? Hamma yoomiittan jaalala karaa irraafi gabaa irraa dabarsa ani Kifilee… jedheen callise. 17 “Akkas yoo ta’e egaa, haadhookoo osoo shamarreen jaalala karaarraas ta’e gabaarraa waliin dabarsite, kan garaa isaaniifi maalummaa isaanii beektu jiranii, kan jaalala karaa irraafi gabaa irraa waliin hindabarsine intalittii kana jaalala hamma du’aaf dullumaatti waliin dabarsuuf akkamitti filatteree ? Moo… dubartiin ati jaalala akkasii waliin dabarsuuf filattu madaallii kan ati ittiin madaaltu kan addaa qabda ?” jedhe. Ammas gaaffii irratti gaaffii natti dhiyeesse. Silaa dura na gaafadhu jedhee waan eeyyameefiif homaa jechuu hindandeenye. Xiqquma calliseen akkas jedhe. …..Kifilee ani karaa mataakoo akkamitti akka jaalallee filatani miti jaalalumti mataan isaa hanga har’aatti maal akka ta’eefi akkam akka nama godhus, maal akka namaa godhus, waan tokko illee waanuman beeku hinqabu. Garuu har’ammoo, shamarreema dur ilaallee walitti kofallu sana, ijikoo xiqquma osoo ishiin na laaltuu irra bu’ee yeroo deebi’u, waantuma qaamakoo akka dhallaadduu bishaan keessaa na hoollachiisuufi garaakoo akka nama waa gatee ana bir’achiisu na keessa facaase. Kanaaf, anis hanga har’aatti yeroon jaalala karaa irraafi gabaa irraa dabarsaa turetti akkas ta’ee waan hinbeekneef, kun jaalala isa dhugaa umrii dheeraati ta’aa jedhee shakkeeni sitti himachuunkoo iyyuu jedheen, gaaffiirratti gaaffiin kan inni na mudde dhugaa jiru, kan dura rom’uukoof kirkiruukoo dhoksadhee ture ifa baaseen itti hime. Bilbilli dhumaa gara manaatti gallu waan bilbilameef, “waan hundaafuu mee ka’imee Jaawwee hanga wal irraa maqnutti odeessaa yaana. Kan hafes bor rafnee kaanee mari’anna” jedhe. Barruulee isaa walitti qabatee na laale _ hiriyyaankoo Kifileen. 18 Tole, garuu xiqqoo obsi. Intalittiimti kun daree keessaa haa baatu. Duuba isaanii deemnee mana barumsaa kamii akka dhufteefi eessa akka ishiin galtu itti gaafanna jedheen ol ka’ee minjaala irratti barreeffannu irra fuuldura Kifileen taa’e. Akkuma barattoonni dareetii yaa’aniin intala hiriyyaashee daree biraa jirtu intala bareedduu diimtuu tokko cinaa buutee intalittiin dareekoo ani hoollachaafii jiru kun, gara mana ishiitti kokkolfaa qajeelte. Anis hiriyyaakoo Kifilee waliin duuba bu’een qajeele_ akka tikee galgalaan loon galchituu. Duubuma isaanii osoo deemnuu yeroo duubatti mil’attu, ijikoo ija ishiirra bu’e. Ishiinis hiriyyaa ishiitti waa hasaasteeti kikiksanii kolfani. Anis waanan dubadhu wallaaleen, sombikoo lapheetti ol cufameeti, hafuura baafachuufis fudhachuufis nama aara hubboo keessa seenen ta’e. Muddamuufi cinqiin baay’ee natti dabalaa adeeme. Maalittan duuba jara kanaa dhufe ? Osoon dura darbee galeera ta’e, jedheen of ceepha’aa sodaan ishii irraa qabuun jaalala dhugaa ishiif qabu itti dubbachuu miti ijaajjee deemuuf lukti najalatti sirbe_ of fuulduratti ishii ilaalee. Kifileenis, calliseetuma ana cinaa deemee waa’eekoo ammaa kana, kanan duratti isatti dubbadhe waliin makee yaadaan buusee baasa. Nu lachuu osuma waan tokko itti hindubbatiin iddoo mana kiraayiikoo geenye. Hirriyyaankoo Kifileenis “Jaawwee… jedhi egaa mannikee asi natti fakkaata. Waan hundaafuu ani amma duuba isaanii deemeen mana ishiin galtuufi mana barumsaa ishiin irraa dhufte gaafadheen bor siif bareen dhufa. Isaa booda akkuma taanu taanee siif haasofsiifna. Jedhi, galii kitaabakee dubbisi” 19 jedhe. Gateettiin natti bu’ee teellaa isaanii qajeele, kophaa isaa. Tole, jedhi nagaatti. Galatoomi! Jedheen dallaa mana kiraayiikootti seene. Dhagaa warri abbaa manaa tuulaniiran tokkorra koree taa’een galaana yaadaa haphaluu eegale. Amma dhuguma intalli kun osoon gaafadhe tole najettii ? Ani hinbeeku. Ilkaan ishii silaa baddeessaa arfaasaa laga Asattiiti. Yaa uumaa siif safuu! Ilkaan rabbi naaf laate osoon qabuu kan namaa ilaalee yeroo qaamnikoo hoollatu. Ija ishiis ilaali adaraa waaqaa, buutii dhagaa jalaa akka gucaa namatti ibsu fakkaata yeroo ishiin baallee ijashee olqabdee gabatee gurraacharraa qubee funaantu. Rifeensi matichaa silaa maali, ishiinuu beekkattee ol martee gad martee xaxxee hiiteetti malee osoo gadi gadhiistee deemti ta’ehoo Jaawwee ilmi abbaa Milkii yoona qaata maraatteetti. Waaqayyoof safuudha! Ishii kaanoo kaan funyaan milikkita gumbii fakkeessa, kaan rifeensa mataa xaafii goordanarraa roobni itti caame fakkeessa, kaan hidhii qarqara cumboo Horroo fakkeessa, kaanimmoo ilkaan kalaadaa karkarroo fakkeessa. Kaan immoo deemsa jettee jilbaan lafa gadheessiti. Otuma hamma ta’e qaama alaan hunda tolcheyyuu kaanimmoo amalaan foolii Xirinyii godhee akka namni irraa baqatu, karaa ishiin dabarte akka namni hindabarre godha. Kan ishii kanaa nama ajaa’iba. Qaamaanillee akkuma Mahibuubaa mudaa bareedinaa tokko malee ishii uumeeti, amala isa akka aannanii nama qabbaneessu kana, kan akka asheeta birraa daandiirraa nama waamu. Nama hawwatu kana ishii badhaase. Bohoo! lafumti dhihee naaf haabari’u. Tole jettes jechuu baattus lafa maaltu garagala. Afaankootii baaseen du’a. Maaltummoo na ajjeesa? 20 Akka ani ishii jaaladhehoo ammuma iyyuu ciicachuun ishii hinhafne. Garuu maaliif na laaltee hiriyyaa ishiitti hasaastee kofalti? Ishii jaalachuukoo barteeti ana tuffattee kofaltimoo? Akkasidha taanaan kuni fala hinqabu. Kana rabbumatu kuulee sararee uumee, mana barumsaa ishiin barattee harka qabee fidee, ana cinaa kaa’ee na maraachee qullaa na deemsisuuf murteesseera yoo ta’e malee…. Nama dhiba hojiin rabbii! Yerootti baakteeriyaafi vaayirasoonni dhala namaa fixaa turan qoricha argatanii, bara namni fayyaan jiraachaa jiru keessa, nama akka ofii bishaan dhugee fincaan fincaa’uufi midhaan nyaatee udaan hagu, ala isaa ijatti bareechee dhukkuba natti godhee ana ajjeesuufii? Ajaa’iba! Ishii kan alli ishii bareede, qaamni ishii jaalala ishiif dabaleeti kankoo keessikoo jaalala dhugaan bareede onneenkoo dhukkuba naa dabalee? Moo bara fuggisoo dhaladheen jaalalaan miidhamaa? Dhalachuunkoo akeeka rabbii mitii laata? jedhee osoon yaadaan uumaaf uumamaa waliin makuu “Maali aabbee har’ammoo jedhuma jettee dabtarakee manatti galfachuun illee si jibbisiiseeti barruulee qabattee kan sa’aa jahaatti galte hanga sa’aa kanaa ala teessaa?” jedhee galaana yaadaa keessaa wareersee na dammaqse. Hiriyyaankoo ollaa manakoo galu_ Tokkummaan. Yeroon oljedhee isa ilaalu mucaan dhiiraa fuula haarowaa tokko duuba isaa ijaajja. Anis xiqqoo uf-f-f…. jedhee hafuura dheeraa baafadheeni, lakkii… Tokkee dhagaan kun taa’umsaaf natti tollaaninii as taa’a malee manakoo jibbeen miti. Kottaa ol seenaa. Shaayii isiniin dhaaba jedheen iddoon taa’uu ol ka’ee dhaabadhe. 21 “Beenukaa erga jetteemmoo nuu danfisi. Anoo keessummaayyuu qaba har’oo” jedheeti mucaa fuula haaraa duuba isaa ijaajju sana harkasaa qabatee garakootti siqe. “Mee dursa mucaa kana waliin wal bari Jaawwaraa…. Hiriyyaakooti. Daree keessatti wal bira teenya” jedhe_Tokkummaan. Tole, jedheen itti siqee harka fuudhe. Jaawwaraa naan jedhan jedheen maqaakoo itti hime. Innis “Gaanfuree naan jedhan” jedhee maqaa isaa natti hime. Kottaaka. Ol seenaa jedheen balbala manakoo furtuun baneen olseenee barruuleekoo olkaayyadhe. Isaanis duubakoo na hordofanii manakootti olseenan. ***** Silaa bakka taa’umsa keessummaa duraanuu hinqabu. Siree ciisichaakoo ishii muka duudaa irraa akka saqalaa boqqolloo laga ciraatti hojjetamte irra gad taa’ani. Shaayii isinii danfisakaa jedhaa taphadhaa jedhee yeroon cinaa isaanii bakkan taa’ee ol ka’u, “lakki anoo taphaafan siinjedhe malee nuyi manakootii laaqana nyaannee, dhugnee dhufne. Amma suma waliin xiqqoo taphanna jennee dhufne malee waan dhugamu barbaacha miti. Garuu ati waan laaqana hin nyaanne fakkaatta. Yoo jiraate ofiikee fudhuu nyaadhu. Yoo hinjiru ta’emmoo beenu manakoo deemnee bixxillee gogduu nyaatta. Cuuphanni illee waan jiru natti hinfakkaatu” jedhe. Ija keessa nalaale. Lakkii, Tokkeekoo nyaadheerayyuu. Isin nyaattaniittu taanaan asuma turaa teenyee waliin taphanna jedheen osuma bixxilleen manakoo jiruu, otoo hin nyaatiin akka nama 22 nyaateeruu ta’eeni fuuldurasaanii ofirra quuphaneen taphachuu eegale. Gaanfuree ati mana barumsaa kam irraa dhufte? jedheen gaaffe. “Ani mana barumsaa Finca’aa irraan dhufe” jedhe. Tokkeen sitti himeera natti fakkaata egaa. Nuyi asuma Shaambutti baranne jedheen anis eessatti akkan baradhe itti hime. “Eeyyee, natti himeera. Anis kanumaafi egaa manakee Tokkummaa wajjin kanin dhufe . Biyya na barsiistu. Kan akka jaalalleefaa durba Shaambuu keessaa naaf barbaaddu malee waggaa lama hamman as turutti kophaakoo danda’aare ?” jedhee nu kofalchiise_ Gaanfureen. “Nuyi intala keenya nama intala biyyasaa nuu fideef malee dabarsinee hinlaannu. Yoo barbaadde shamarran biyyakee achitti waliin baratte dafii wal nubarsiisii garaa nu laaffifadhu malee kanaan ala ilmoo kuruphee taatee hafta Shaambu irratti” jedheeti Tokkummaanis qoosaa irratti qoosaa dabaleeti kolfaan mar’ummaan nucire. Jaalala hiriyyaa saala faallaaf jalqaba ta’uun keenya kunis Gaanfureetiin illee akkuma nama biyya maccaa dhufeetti akka ilaallu nutaasise_ durba biyyakee nuuf fidi jechuu keenya. Akkanumaan tapha nama kokkofalchiisu wal walitti darbachaa turre. Aduun dhiiyinaan, “ka’een keessummaa kana gara mana isaatti gaggeessee deebi’een hojii manaa tokko hojjedha. Egaa Jaawwee atis xiqqoo qo’adhu” jedhe. Hiriyyaa isaa Gaanfuree fudhatee qajeele_ Tokkummaan. 23 Tolekaa, deddeebi’ii taphadhu kottuutii achumaan hinbadiin. Jedhaa nagaan bulaa. Halkan gaarii isiniif haa ta’u, jedheen isaan gaggeesse. Deebi’ee manakootti olseeneen kophaakoo takka taa’e. Ijaan keenyana manakoo fuulduraa hanga duubaatti ilaaleen, achumaan duubaan sireekoo irratti kufe_ osoo hinbeekiin hirribaan dagatame. Osuma uffatakoo of irraa hinbaasiin otoon ciisee yaadaan farda jaalala jalqabaa gulufuu hirribni dhufee ana fudhatee badeera. Hirriba keessaas dammaqee yeroon utaalee ka’u sa’atiin halkan keessaa 11:00 ta’eera. Hamma kanaatti egaa barruuleekoo qaamaan miti yaadaanillee gargar hinsaaqne. Waa’een qoonqoo silaa irraanfatameera. Irbaanni waa’ee intala bareedduu yaaduu taate. Barruuleekoo tokko butadheen of fuuldura kaa’ee dubbisuun eegale. Madaa of dagachuu bara barnootakoo darban keessatti na mudatantu na keessaa bir’atee barruulee na kaasise malee sammuu tasgabbaa’ee qayyabannaaf qophaa’e qabaadheen miti. Osoo barruuleekoo hindubbisiin yerookoo haga kana gubuunkoo baay’ee na aarse. Anis dafee utaalee ala ba’een fuulakoo dhiqadhee deebi’een dubbisuu eegale. Xiqquma akkan dubbiseen boroon barii borgog jedhee diimate. Laftis bari’e. Anis akkuma durattii cireekoo bixxillee gogduu nyaadhee, barruuleekoo qabadheen gara mana barumsaatti qajeele. Hamman hiriyyaakoo, Kifilee arguttis baay’ee ariifadheera. Waa’ee kaleessa dubbannee gargar baanee sana maal irra akka inni ga’ee bule gaafachuuf. Akkuman mana barumsaa ga’een dafee ariitiidhaan Kifilee bira deemee anumaa itti haasa’uu jalqabu baay’ee natti kolfe. Maali? maal natti kofalta? jedheen deebi’ee lafa ilaale. 24 “Waanuma kaleessa hamma kanaa guddifnee taphannetu na ajaa’ibee ana kofalchiisa” jedhe_ kifileen. Ati fayyaa hinqabduu obboleessakoo? Wanti kana caalaa guddifamee odeeffamu anaafi sii gidduutti akka hinjirre hubadhu. “Ollaan bultee beekaa akkatti bule abbaa beeka” jedha oromoon. Kanaafuu keessakoofi muddamakoo anaafi galgala edaatu beeka. Salphistee hinilaaliin, jedheen fuula aariitiin sagalee jabaa itti dubbadhe. Kifileenis, “wanta ani jechuu barbaade osoo hinhubatiin jarjartee waan biraa keessa galte malee, Jaawweekoo kan ani siin jechuu barbaade waan biraati” jedhe. Maali inni biraa immoo? jedheen ammas nyaara itti guure. “Maal seete Jaawwee, intalittii ati jaalatte sun, kan kaleessa maqaa ishiifi mana ishii baruuf akka waan guddaatti ilaalle, har’a maqaasheef manashee dhiisiitii akka ati ishii jaalatteyyuu itti himee amansiise. Akka ishiin si haasofsiiftus waadaa galcheera. Kanaafi egaa salphisee ilaalee sitti kolfuunkoo. Wanta nuti hineegnetu nuuf mijate waan ta’eef“ jedhe kifileen. Akka inni yaadetti, nan haasofsiisa jechuun ishii, waan tole jette fakkaata. Dhugumakee jettamoo natti qoosaa jirtaa? kifilee…. Egaa ani kana hinamanu jedheen callisee lafa ilaale. Kifileenis, “Jaawwee egaa amantes amanuu baattes har’a sa’aa booda mana barumsaatii akka baaneen walin isin qunnamsiisa jedhee waadaa ishii galcheen jira. Kanaafuu, booda waan jettu ammumaa jalqabii itti qophaa’i. Ani waan anarraa eegamu xumuree gara keetti dabarsuuf sa’aa xiqqootu ana hafe” jedhee gara dareetti ol seene. 25 Anis faanuma isaan ol seene. Barsiisaanis daree seenee barsiisuu eegale. Anis sa’atii sanaa eegalee waanan ishii jedhuufi waanin gochuufii qabu buusee baaseen yaaduu jalqabe_ tole ana jechuu ishii gammadee. Namni ofiifuu waan godhu hinqabne kan bixxillee gogaa nyaatee oolee bulu_ waa’ee barsiisaa dhaggeeffachuu dhiisee. Akkuma barsiisaan jalqabaa daree keessaa ba’een, anis kottee isaa irra ejjedheen utaalee ala bu’e. Fiigichan keessaa fuudhe. Akka jabbiin burraaqe. Akkamitti dareetii akkan ba’es, akkamitti akkan manakoo ga’es hinbeeku. Balbaluma manakootti of arguukoo malee _ gammachuuf naasuun walmakee of na wallaalchiseera. Manakootti olseeneen uffatan qabu hundaa gad guureen ofitti safaruu jalqabe. Kamtu irra caalaa anarraa bareedee intala sana hawwatee gammachiisuu danda’a jedhee filadhee uffachuuf. Namni yookaan hiriyyaan kun sirraa bareeda uffadhu, kun immoo sirraa fokkisa ofirraa baasi kan ana jedhes hinturre. Yaadaan intalli ani jaaladhe kun ka ana cinaa dhaabattee kana wayya, kana dhiisi jettu natti fakkaata ture. Dhugaan jiru garuu kan ilaalus ana, kan ilaallatus ana. Sanuu onnee lafa bir’ateen. Durumaanuu uffata hedduu hinqabu. Ta’us ishuman qabu keessaa ergan filadhee uffadhee fuulattis waa diddibadhe. Gara mana barumsaatti deebi’een akka billaachaa kaadhe. Yeroonis egaa qophaa’i jedhee taa’ee sin eeguutii sa’atii booda inni jedhame, yeroon beellamaa ga’uuf bilbilli dhumaa bilbilamee gara manaatti yaanee qajeelle. Kifilee… Maqaa ishii barteetta mitii ? Eenyu jedheen ishii dubbisaree? Amma natti himi malee, jedheen osoo hinbeekiin Kifilee gaaffiin sarduu barbaade. Kan dura ishii argachuun samii tuquuf yaaluu natti fakkaatee ture sin haasofsiisa jechuu ishii dhageenyaan lapheen nuugii natume. 26 “Maqaan ishii illee Kuluulee jedhamti. Garuu ati yeroo harka fuutu maqaankoo abalun jedhama jedhii itti himi. Ishiinis sitti himti” jedhe, Kifileen. Inniin ani barumsa dhiisee galee uffata jijjiirradhee, fuula cululuqfadhee deebi’e garuu Kifilee baay’ee kofalchiiseera. Osuma afaanii baasee dubbachuu dhiiseyyuu. Tole jedheen hiriyyaakoo_ kifilee waliin balbala galma mana barumsaa irra ijaajjinee eegne. Kuluuleenis hiriyyaa ishii waliin akkuma kaleessa yoonaa kokkolfaa dhufte. Akkuma dhufanii nu bira ga’aniin, “jarana maal taatan? Barsiisaan biraa erga nuyi baanee isinii galemoo? Moo deemsuma dadhabdaniiti boodatti haftan?” jedheeti Kifileen harka isaa gara Kuluuleetti hiixate_nagaa gaafachuuf. Ishiinis akka qaqqaana’uu tokko taateeti callisteetuma harka hiixattee nagaa gaafatte_ hiriyyaa ishii waliin. “Kun egaa hiriyyaakoo kaniin kaleessa waa’ee isaa sitti himedha. Wal bari Kuullee” jedhe, Kifileen. “Kuluulee naan jedhan” jettee harka na fuute. Anis Jaawwaraa naan jedhan jedheen harka hafuura sodaadhaan dafqa dibateen harka fuudhe. Yeroo yartuuf hundi keenya iyyuu akka callisuu taane. Garaa waan wal hinbeekneef qofa miti wanti wal nu barsiise sun _jaalalli _hunda keenya iyyuu waan saalfachiise natti fakkaata. Warri kuun yoo akkakoo sodaan hollachuu baatanillee. Egaa anis callisuma keenya kana cabsuuf jecha, barnoonni akkamiree kuluulee jedheen ijaan of ishii ilaalchise. 27 “Gaariidha egaa hanga ammaatti, isa gara fuuladuraa hinbeeku malee” jette. Dubbiin ana jalaa bade. Itti fufee waanan dubbadhun dhabe. Waanan itti qophaa’e hunduu lafa inni bu’en dhabe. Wantin ani dubbii fida jedhee itti dubbadhus jechuma ishiin altokko dubbattuun guduunfama. Kifileefi hiriyyaan Kuluulee akka nuyi waliin taphannu barbaadaniiti, anaafi Kuluulee dhiisanii qarqara daandii qabatanii akkuma nama nu hinbeeknee lama ta’anii haasaadhaan wal kokkofalchiisaa nurraa siqan. Anis yeroon waanan dubbadhu dhabu iddoo maqa manakoo ga’ee osoo waan tokko afaan ishii irraa hindhagahiin maal jedheen irraa gora jedheen of wareeree akkuma nama gammoojjii Baloo Bareedaa keessaa leencaaf gafarsa ari’uu dafqa xuruurfadhe. Kuluulee…. ergaankoo si ga’eera mitii? jedheen gaaffe. “Ergaa maaliiti?” jettee yeroo ija keessa na laaltu ittuu itti caale dafqi fuulakoo irraa roobu. Ishiinis akkan ani ishii saalfadhe hubatteetti. Saalfii sodaa ta’uuf jaalala dhugaa ta’uu isaa garuu adda baafachuu hindandeenye. Ammas ija keessa na mil’atteeti, osuma ani waan tokko hindeebisiiniifii, “Kifileen waan kaleessa natti hime sanadhaayi?” jette. Eeyyee, jedheen callise anis _ gammachuu ana haasofsiisuu ishii irraa qabuun. “Maaliree deebisaa isumatti himeen ture, isarraa hindhageenyee?” jette. Dhagaheera, garuu afaan namaa caalaa afaanumakee irraa osoon dhagahe na gammachiisa jedhee waanin yaadeefi malee jedheen deebiseef. 28 “Wanni anarraa dhageessu hunduu na gammachiisa jechuukeetimoo maal jechuu barbaadeeti?” jette. Eeyyee, Kanumaafi si jaaladhee si gaafachuunkoo iyyuu jedheen akkan ishii jaaladhullee dubbii hiriyyaakoo kaleessaatti dabalee afaanii baaseen itti hime. “Dhiifama naaf godhi Jaawwaraa…. yeroon amma anis ta’e ati irra jirru, jireenya keenya gara fuuladuraaf kan itti dhagaa bu’uuraa keenyudha malee kan itti jaalala keessa gallee wal takaallu miti. Anaaf yeroon itti jaalala hiriyyaa saala faallaa jalqabnu amma miti. Atis kana beektee osoo waan baay’ee keessa hingaliin meeshaa barri hinjijjiirre kan ittiin dhagaa bu’uura jireenyaa ittiin kaa’aniifi ittiin gamoo jireenyaa ijaaran kana, barnootakee jabaattee barattee bakkaan akka geessu si gorsuun barbaada. Kanaafuu wanni haaraan anarraa dhageessu yoo jiraate, akka obbolummaatti gorsa waan ofiif yookaan obboleessakoof hinbarbaanne siifillee akka hinhawwine sitti himuu qofaadha” jette. Asitti jalqabe wanti ani yaadee dhufeefi wanni dhugaan ana mudate jireenyakoo irratti qumaaraa taphachuu. Sodaan anaan dafqa firiirsise, waa’ee tole jechuusheefi dhiisuu ishii adda baasuu osoo hintaane, waa’ee tapha dubbii jaalala hiriyyaa faallaa wallaaluukooti. Dubbiin ganamaan daree barnootaakoo keessaa ana baasee uffata sagal na jijjiirsisee dibataan fuulakoo cululuqse waan uffata anarraa baasee awwaara natti uffisee qullaa na fiigsuuf ka’e fakkaata. Akkan dubbii afaan Kuluulee irraa dhagahetti. Addunyaan jireenyaa uffata gurraachaan kan ana marse yero kana egaa. Maaloo Kuluulee, inni ati jette akkuma jirutti ta’ee, yeroo kanatti hiriyyaa qabachuun waan jireenya namaa sakaalu natti 29 hinfakkaatu. Hiriyyaa keenya miti kan nuu gadiiyyuu yeroo ammaa kana hiriyyaa lama sadii qabu. Tokko qabatanii waliin jiraachuun garuu rakkoo qabaatee natti hinmul’atu. Akkamitti sitti akka fakkaate hinbeeku malee. Kanaafuu gorsa yaadakee kana irra deebii ilaali. Baay’een sijaaladha. Siwaliin jiraachuufis onnata guddaan qaba. Jaalala ani siif qabu naaf hubadhu. Ati jaalala jalqabuun jireenya sakaala jetta. Ani garuu jaalalakee dhabuutu jireenyakoo sakaala jedhee shakkiifi sodaa guddaan qaba. Maaloo Kuulleekoo naaf beeki jedheen mata duree yaadee hindhufne taphachiisuu eegale. “Yoo gorsakoo fudhatte, yaadakee jijjiirrattee nama jireenyaa taatee barnootakee akka seeraan barattu abdiin qaba. Yoo fudhachuudhaa baatte garuu ani yaadakoo hinjijjiiru, karoorakooti waan ta’eef. Inni ati har’a jireenyakoof furmaata ta’a jettee yaadde bor fixeensa ta’ee akka wucoolee gogorrii barrisee siharkaa badee, weennii gabaa keessatti mukarraa buute sigochuu danda’a waan ta’eef kunillee akka jiru beekii jiraadhu. Yoo ana waliin ta’uudhaa baatellee akka amma jechaa jirtutti shamarra biraa waliin jaalala jalqabuunkee waan hinoolleef. Kanaa booda ani yeroo barnootakoo duwwaadha karoorfadhee kan ani qabu. Kanaaf hojii manaa ani hinkaroorfanneefi yeroo kanatti hinbarbaanne irra deddeebitee akka karoorakoo ana jalaa hingufachiifneefi har’a sibeellamee dhugaa jiru fuulaaf fuulatti sitti himuu kanan barbaadeef. Kana hubadhuutii ana waliin jaalala jalqabuuf karoora yoo qabaatte anas ta’e mataakee osoo hinmiidhiin ammumaa kaasii dhaabi” jette, Kuluuleen.
Boqonnaa Lama
Hiriyyaankoo Kifileenis akkanatti hin yaadne ture gaafa ishii jaalachuukoo itti hime. “Lakki, ani waan akkasii hinbaarbaadu” gaafa ishiin jettu, amaluma dubaraati yeroo duraa altakka ofmi’eessuun jedheema waan yaade natti fakkaata. Irra deddeebi’ee gaafa jaalala ani ishii jaaladhu baay’ee ulfeessee ishiitti himu, ishiinis “yoo dirqamatu sitti kennameera ta’e mucaama sijaalate jettu kanallee fuulaaf fuulatti haasofsiisuu nan danda’a, baay’ee odeessuu hinbarbaachisu” jette. Si’a ishiin kana dubbattu waan tole jette itti fakkaate. Innis hedduu gammadeeti “yoom wal isin qunnamsiisaree?” jedhe. “Yeroo beellamaa dheeraa hinbarbaachisu. Yoo barbaadde bor sa’aa kanatti yeroo mana barumsaatii baanu haasofsiisuu nan danda’a” jette. Jecha ishiin isatti dubbatte kana keessatti jecha shakkii kan isatti uume tokkollee hinturre. Kanaafi egaa innis dubbii jaalalaa jaalallee waliin nama tursutti akkan qophaa’u naaf hime malee dubbii jaalalaa jaalallee barbaadan amansiisutti akkan qophaa’u naaf hinhimne. Gaafa guyyaa lammataa ganama yeroo ana argu maal akkan jedheef maal akka ishiin ana jette afaankoo irraa dhagahuuf hedduu waan ariifate natti fakkaata. Akkuma daree seeneen anatti siqeeti “obboo maali callisuu barbaaddehoo? Waan barbaadan yoo argatan akkanuma galgala tokkotti amala namaa jijjiira jechuudhaa?” jedheeti natti qoose. Hedduus natti kolfe. Anaan garuu aariifi shakkiin dubbii Kuluulee kaleessaa mataa na bokoksee funyaan waan nadhiitessee jiruuf, akka inni 31 kolfeen deebii kolfaa hindeebisneefii. Callisuurrayyuu darbee fuulakoo dukkaneesseen nyaara isatti guure. Takkaa qofaa garagaleen isa ilaale. Innis kolfa isaa dhiiseeti homaa osoo naaf hindeebisiin darbee bakka isaa taa’e. Waan natti gadde fakkaata. Deeggarsa naaf godheef galata dhorkachuukoo. Dubbiin jiru akka inni yaade irraa edana galgala fagaattee akka bulte hinshakkines. Callisneetuma walcinaa teenye malee maliif akkan nyaara guure innis irra deebi’ee ana hingaafanne. Anis maaliif akkan itti bifa jijjiiradhe afaanii baasee itti hindubbanne. Osuma waa waliin hinqaaqiin erga oollee yeroo galmaaf yaanu hiriyyaankoo_ Kifileen akkana naan jedhe. “Maali Jaawwaraa? Nama ati jaalattee argachuuf kaleessa guyyaan deemsa hurrii Adoolessa keessaa sitti taate har’a waliin siqunnamsiisuunkoo akka ati dalga ana ilaaltu sitaasiseey?” jedhe. Guddaa galatoomi hiriyyaakoo. Waan deemsa hurrii Adoolessaa keessaa gara deemsa ifa birraatti ana ceesisteef jedheen anis ifirraa callise. “Garuu anaaf hingalle Jaawwaraa, haalliifi akkaataan ati har’a dubbiikoof deebii kennaa jirtu. Yoo rakkoon jiraate ifa baasii natti himi. Kan rakkoon hinjirre yoo taate ofumaafuu akkanatti bifa hinjijjiiratiin” jedhe. Ani garuu kan siin jedhu, ati kaleessa Kuluuleen tole siif jetteetti kan anaan jette ana gowwoomsuufimoo of gowwoomsuu yaaddeeti jedheen aarii garaakootii ka’een akka Kuluuleen tole ana jechuu didde itti hime. “Jaawwaraa…. walumaan dubbannee mitii ani ishii beellamsiisee kan siwaliin wal agarsiise. Ishiinillee 32 haasofsiisuu nan danda’a ana jette. Yeroo waliin qaaqxanis waan walii galtan anatti fakkaate. Hamma sirraa dhagahuttillee hedduu ariifadheen ture. Osoo tole jechuu baattes duraanuu walumaan mala dhoofnee jalqabne waan ta’eef ammas walumaan mari’annee deemsa keenya ammaa jijjiirrannee karaa biraan amansiisuu yaalla malee waan biraan jira jettee yaaddaa kan akkana aariin ofrakkitu. Anillee tole jettes jechuu baattes akka hiriyyaa tokkootti waan gochuu qabu gochuuf of hinqusanne. Osoo ta’ellee galata naaf ta’a malee akkana ana cufuu hinqabdu” jedhe Kifileen. Jechisaa garaa na nyaateeti, dhiifama Kifilee. Tole sijetteetti jettee waan ati duraan dabarsitee anatti himteef gaafa ishiin yaada biraa naaf deebistu keessikoo gaddinaani malee gochaa hiriyyummaakee shakkeen miti. Yeroo hedduu dubartootni iddoo dubbatan dhaabachuu akka hindandeenye osumaan beekuun jechashee amanee hedduu yaadaan of miidhe malee… jedheen isaan hiriyyaakootti fuula jijjiiradheef qalbii jijjiirradhe. Ana qofaas miti dubbiin Kuluulee kun hiriyyaakoos waan ajaa’ibe natti fakkaata. Nuyi lachuu erga irra deddeebinee taphannee booda ammallee ishiitti deddeebinee dhugaa jaalalaa jiru akka ishiitti haasa’uu qabnu murteessine. Akkuma jenne yeroo hunda qaawwaa argannetti fayyadamnee yaadaan ishii rakkisuu itti fufne. Ba’a ishiittis, gala ishiittis rakkoo ishii jaaladhee dhabuun anarraan geessisaa jiru itti himnee garaa nyaataa itti naqne. Yeroo kana ishiinis jechaa anaafi hiriyyaankoo ishiitti darbachaa turre duubatti deebitee xinxaluutti kaate. Guyyaa tokko osuma akkuma durii daandii qaqal’oo da’oo keessatti eegnee akka ishiin tole naaf jettuuf dubbii jaalalaan kadhataa jirruu akkana naan jette. 33 “Ati Jaawwaraa niyaadatta yoo taate guyyaa ani karoora akkasii ammatti hinqabu siin jedhe sana, ati hiriyyootakee miti dargaggoon quxisuukee ta’anillee hiriyyaa lama sadii akka qaban naaf himtee turte. Hiriyyoonni quxisuunkee umrii sanatti hiriyyaa saala faallaa lama sadii qaban eessatti baraniiti atimmoo umrii kanatti hanga yoonaa tokkollee dhabdee osoo hinqabatiin turteree? Moo ati ammallee ana gowwoomsitee kaayyookoo irraa nakaasuuf halkaniif guyyaa hiriyyaakee waliin ana hordoftaa?” jette. Wantootaafi jechootaa nuyi yeroo hundaa ishii amansiisuuf fayyadamnu waan hedduu garaa ishii nyaateef haala dhugaa jiruu adda baastee waan tole jechuuf garaa ishii keessatti murteessiten se’a. Ammas osuma gaaffiishee duraaf deebii hinkenniin itti dabaltee akkana naan jette. “Garuu ati si jaaladha jettee gaafduraa kan Kifilee natti ergite amma immoo kan lama taatanii ana duukaa buutan sababni isaa inni dhugaan maal akka ta’e har’a irra deebii naaf himimee Jaawwaraa. Jaalalleekee waliin ni waldhabde yoo ta’es, hanga yoonaati jaalallee osoo hinqabaatiin jirta yoo ta’es” jette. Waan nagafataa turtes, waan ana gaafataa jirtus waan walii wallaalten se’a. Lakki, Kuluulee. Ana amanuus dandeessa amanuu dhiisuus dandeessa, garuu ani hanga har’aatti waanuma jaalallee jedhamtu iyyuu qabaachuu miti afaaniifuu dubartii kan jedhamte gaafadhee hinbeeku jedheen callise_ ishii gabaafi karaatti dabarse of keessa dhoksee. Xiqqoo ofirraa ergan callisee ammas irra deebi’een akkana jedhe. Kuullee yeroo ammaa kana jaalallee saala faallaa waliin dabarsuuf yeroosaas ta’e namasaa kan murteessu akka 34 durii maatii qofa miti. Isa yeroo durii maatiin umriikee ilaalee ofii siif barbaadee fidu miti. Anaafi ati waan biyya lafaa bara keenyaa kana irratti ta’aa jiru walqixa beekna natti fakkaata. Hunduu dabtara qabatee gara mana barumsaatti waan deemuuf kaayyoon isaa barnoota qofaa sitti fakkaatee? Waanuma maatiin isa deeggaruu qabu barnoota dhiisuu isaatiin akka irraa hindhorkanneef qofa bartoonni dabtara baatanii ganamaan ka’anii ciree isaanii nyaatanii manaa ba’an hagam ta’u jettee yaadda? Kanaafuu “hunda hindubbatanii dugda hindhungatanii” akkuma jedhamu sana, dubbiin jaalallee qabaachuuf dhabuu waa’ee quxisuufi hangafummaa isa umrii irratti hundaa’e qofaa akka hintaane hubadhu. Hangafummaan waan baay’eetiin ta’uu danda’a. Anis warreen quxisuukoo siin jechaa ture akka umrii keenyaatti ilaaleeni. Garuu karaa jaalallee saala faallaa qabaachuu isaantu angafakooti jedheen jechoota garaa nama nyaachisan fuuldura ishii naqe. “Jaawwaraa, egaa dhuguma hojiinkeefi keessikee akka afaankee yoo ta’e aniif ati jaalala dhugaa A B C D ... jennee waliin jalqabuun keenya hinoolu. Anis waan kanaaf haaraa waanan ta’eef. Garuu keessikeef dubbiin afaankee wal hinargu taanaan osoo hinjaalatiin ati jireenyakoof ani jireenyakeef gufuu bara dheeraa walitti ta’uu dandeenya. Nama jireenyaaf akeekaan uumamne osoo taanee jirruu. Namoota baay’ee, waliin jalqabanii erga jaalala baranii kan jaalalli isaan wallaale, kan akka kaalsiifi paantii dhiirri dubra, durbi immoo dhiira jijijjiiruu jalqabanii, galmi kaayyoo jaalalaa fuuldura isaaniitii dhibee hamma gaafa foon ijoollummaa fuularra jiruutti olii gad burraaqanii sanaan booda warra akka harree cabdee kan namni irraa goree darbu yoon ijaan xiqqoo argellee gurraan baay’ee dhagaheera. 35 Anillee sodaa kanaafi, ejjennoo cimaatiin waan kana kanaan hedduu irraa dheesseef. Har’a ati ejjennoo yaadakoo kana ana jijjiirsistus” jettee sagalee ani dubartoota irraa dhagahee hinbeekne gorsa lafee cabsee nama seenu dubbatte, Kuluuleen. Baay’ee gammadeeni, maaloo Kuulleekoo ani waan jaalalaaf haaraadha. Homaa ana hinshakkiin. Waan hundaafuu guyyaa biraa bal’inaan irratti taphannee waadaa waliif gallu qabna. Inni guddaan ani gammadee gammachuudhaan ibsuu hindandeenye ati qofaan tole ana jechuukeeti. “Manni ariitiin ijaarame ariitiin diigama” waan jedhamuuf, jedheen harkashee qabadhee cinaa bu’ee qajeele osuman gammachuudhaan hoolladhuu. Ishiinis “waan hundaafuu ani tole siin jedheera. Duraanis yeroo kanatti karoorakoo akka hintaane qofaan isinitti hime malee, sirumaa jaalalleen saala faallaa ana hinbarbaachisu hinjenne. Jedhikaa….. egaa guyyaa biraa wal agarra” jettee gara mana ishiitti kutte. Anis sa’aa kanaa eegalee keessikoo gammachuun guutame. Gabaa kennuufi fudhachuu jaalalaa keessatti yaadaan taatota jaalalaatti makame. Akkuma dubbannee addaan baane erga deebinee wal agarrees waan jiru hedduu waliin marii’anne. ***** Erga walitti dhufeenya riqicha jaalalaan jiraachuu eegallees ji’oota lakkoofsisneerra._anaafi Kuluuleen. Osuma jaalalaan jiraannuuti egaa guyyaa tokko jaalalleenkoo Kuluuleen rifannaa bir’ata garaa ishii ka’umsa isaa hinbeekne kan anatti himte. 36 “Jaawwee har’a garaankoo nahi nahi naan jedha. Maalin argamoo maalin dhagaha tayinna?” jette. Homaa miti, waanuma gaariidha dhageessa. Yoo sitti tola ta’emmoo sa’atii booda gara manakoo kottu. Waliin taphannee galgala sin galcha jedheen ofitti qabee maddii ishii keessa dhungadhe. “Toleka Jaawwee…. manakoo ga’een deebi’ee dhufa” jettee ana biraa deemte_osoo mana barumsaatii galaa jirruu. Akkuma jettetti manashee geessee yeroo dhuftu, manakootti ol seennee, amaluma duratti wal barsiifne, afaan keessa wal xuuxuufi morma jala wal dhungachuu, siree irra wal gangalchaa taphachuu eegalle. Baay’ee waliin taphannee yeroo biiftuun calalaqxu “maaloo Jaawweekoo na gaggeessi malee aduun natti dhiya” jettee mormakoo jala na dhungatte. Keessikoo silaa osoo halkaniifi guyyaa ana waliin ooltee bulteyyuu ishii quufuufi nuffuu hindanda’u. Garuu seerumti rabbii dukkanni, tokko hirribaa kaasee bobbaasee tokko manatti galchee raffisee waan adda adda nama baasuuf, anis ishii galchuuf manakootii ba’een Kuluulee cinaa bu’ee qajeele. Daandii magaalaa keessa keessaa qabannee osuma taphataa gara mana Kuluuleetti adeemnuu Hoteela Seenaatti baane. Kuullee koottu xiqishuu ishii as teenyee shaayee dhugaa taphanna jedheen harkashee qabadhee gara bitaatti goreen balbala hoteelichaatti olseene. 37 Ishiinis “osoon si duukaa ture illee baay’ee natti tola, garuu aduutu dhiyeera. Jaawweekoo xiqqooma teenyee kaana malee” jette. Anis tole dafnee yaana jedheen shaayee wayii ajajannee walitti garagallee taphachuu eegalle. Tapha walitti mi’aawu waan qabanne natti fakkaata. Gidduutti kunnee shaayee keenya dhugna jennee yeroo burcuqqoo shaayee ol fuunee afaanitti unannu shaayeen akka cabbii qorreera_taa’ee dadhabee. Nutis wal ilaallee kofalleetuma xiqishuu ishii irraa unneeti manaa gad yaane_gatii shaayee isaanii kaffallee. Gara mana Kuluuleetti qajeelle. Jaalala waliif qabnu kan shaayee caalaa nutti mi’aayee yeroo waliin qabnu osoo hinbeekiin nu saamaa jiru, xiqqaachuu yerootti gaddaa mi’aawuu jaalalaatti gammadaa. Garuu yeroon tokkoof baay’atee tokkoof xiqqaate seera uumaa keessa hinjiru. Jaalaluma waliif qabnutu nu sobee nutti fakkeesse malee, yeroon abbaa itti beekee fayyadameef nama kamiifuu qabeenyaa loogii tokko malee waaqa biraa walqixaan kennamedha. Balbala mana ishii akkuma geenyeen, “kottu ol seeni. Irbaata nyaadhuu gali” jette. Harkakoo qabdee ol naharkifte_ gara mana ishiitti. Lakki, Kuulleekoo. Boru yeroodhaan dhufeen si waliin nyaadha malee amma aduun natti dhiheera. Dafeen yeroon gala. “Kan galeef haati hinboossu” jedhani jedheen barruu harka ishiifi adda ishii altokko lapheekootti qabee dhungadheen duubatti garagalee gara manakootti qajeele. Ishiinis “jedhi egaa nagaatti buli, borummoo akkuma amma jette irbaata waliin nyaanna Jaawwee” jette. 38 Tole nagaatti buli jedheen deeme of irra garagalee_ dukkana gargar nu baase yaadaan abaaraa. Osuman ofitti odeessaa gara manakootti deebi’aa jiruu, akkuman mana Kuluulee irraa xiqqoo siqeen sagalee nama naasisu tokkotu dugda duubaan gurrakoo seene. Yeroon ‘bigig’ jedhee bir’adhee of duuba ilaalu nama ta’e tokkotu uffata gurraacha dheeraa uffatee dargaggoo ta’e tokko reebuutti jira. Anis dhaanicha ulfaataa kana rifadheen bakkuma ijaajjetti fajajee hafe. Sagaleen nama dhaanamee iyyaa jiru kanaas sagalee hiriyyaakoo_ Tokkummaa natti fakkaate. Kun immoo ittuu rifannaakkoo kana anatti ulfeesse. Namni iyya isaa dirmachuuf balbala banatee gad ba’es, kan karaa irraa itti gores tokkollee hinturre. Innis osuma iyyuu namichis osuma duukaa bu’ee dhaanuu lachuu sila dhufanii faana miilakoo jalaan ga’an. Anis nama qawwee rarraafatee hiriyyaakoo Tokkummaatiin lafa irra gangalchee dhaanaa jiru yeroon jalqaba ijakoon argu, kan duraa caalaa baay’een rifadhe. Irratti bu’ee hiriyyaakoo irraa faccisuuf qawwee inni rarraafatee jiru argeen sodaadhe. Dhiisee baqachuufis hiriyyaakootu akkanatti dhaanichaan du’uuf jira, osoo ijikoo arguu. Waanan godhus ana wallaalchise. Namni nama ta’ee dhala namaa daandii gubbaa irratti akka kanaatti, bara harreen kabajamte, akka harreetti rukutu nama keessaati hindhalannemoo eessaa dhufe namni akkasii? jedheen itti fiigee maaloo obboleessa kiyya ana duraa hinajjeesiin jedheen harka bal’isee kadhadhe. Tokkummaa dhiiseeti, natti garagalee “dafii jilbeeffadhu” jedhe. Shiingaa gurraacha akka Laanqisoo namatti maramu dugdarra na buuse. 39 Maaloo maalin si godhe? Obboleessako adaraa na hindhaaniin. An nama seera eegee daandii irra deemaa jirudha. Hinhanne, hinbutne. Maal goonaan dugda na kutta? jedheen waa’ee hiriyyaakoo dhiiseen waa’eekoof kadhadhe. Hammanumatti waa’ee hiriyyaakoo dhiiseen waa’eekoof olii gadi waakkadhe. “Tambarkak si jechaan jiram” jedheeti ammas mataatii gadi natti cire_kadhaakoof garaa laafuu didee. Jaawwee waa’ee seeraa dhiisii jilbeeffadhu. Maaliif duuta? jedhe hiriyyaankoo_ Tokkummaan. Anis keessakootti tole jedheen, furmaanni amma jiru kanaan ala waan natti hinmul’anneef afaankoo qabadheen awwaara keessa jilbeeffadhe. “Eenyu maqaankee?” jedhee ana gaafate. Jaawwaraa’n jedhe. “Lekkaa ihii… ihii.. Jaawwaraa Caattoo sii guu. Bexaam xuruu…. Amma raajiikee argita egaa” jedhe. “Ka’aa lamaan keessan iyyuu” jedhe ammas. Nus lachuu kaanee dhaabbanne. Ani egaa yeroo kana itti iyyachuu barbaadeeni namoota nagaa uummataa eegan _poolisoota magaalaa, ijaan halaalatti barbaaduu eegale. “Kottaa deemaa fuuldurakoo” jedhee magaala keessa daandii qalloo tokkorra nu qajeelche. Nuyis, nama qawwee qabu waan ta’eef sodaanneema faana buune malee eessa akka nu dhaqatu hinbeeknu, hingaafannes. Osuma nu oofuu naannoo waajjira qajeelcha poolisii yeroo 40 geenyu UU.UU jedhee iyyuun barbaade. Nagaa eegdonni yookaan poolisoonni akka nuuf dirmataniif. Otuun iyyuu… dhiisuu… iyyuu… dhiisuu.. jedhuu balbala dallaa waajjira qajeelcha poolisiitti “seenaa ol” jedhee kophee kaskisiitiin hudduu jala nu koobe. Nuyis ol seenne. Hudduu sukkuummachaa. Akkuma namicha nu tume kanaa uffata gurraacha dheeraa kan uffatan namoonni sadii waajjira poolisii keessaa achii as nutti dhufan. Egaa yeroonsaa aduu dhiya booda, sursura galgalaa waan ta’eef bifa isaanii adda baasnee beekuu hindandeenye. Itti iyyachuufis uffanni isaanii namichuma nu tume kana waliin waan wal fakkaatuuf bitaa nu galeeti sodaannee callisne. Osoo dhugaa dubbannu qabnuu waan dubbannu dhabne. Garuu kanaan dura guyyaa guyyaa yeroon achiin darbu namoota baadiyaa biyya keenyaa tokko tokko balbalichatti nan argan ture. Maaliif dhuftaniittu? Yeroon jedhu kaan maatii waliin wal dhabee, kaan lafa qonnaa irratti wal dhabee, kaan machaa’aan daandii irratti rukutee dhimma isaanii hojjettoonni nageenyaa akka furaniifiif akka himachuu dhufan isa natti himan nan yaadadhe. Maali? Anatu of wallaalemoo? Maalinni dubbiin akkasii? Ammas yaadaan deddeebi’een of falme. Qaama gurmaa’ee biyya dhaanutu galgala kana magaala weeraree buufata poolisii booji’eera tayinnaa? jennee garaatti shakkuun keenyas hinhafne. Moo guyyaa guyyaa rakkina furuuf halkan halkan rakkina uumuu qabu Kan jadhutu seerri isaaniif jira tayinnaa? Yoo seerri akkasii isaaniif jiraate, kun dhugumaan seera jedhamuu danda’aa? Seerri tumamu tokko uumama yakkaaf sababamoo bu’aadhaa? Warri seera tumaniif warri 41 seera hojii irra oolchan wal hinbeekanii laata? Moo waa’ee seeraa isaan kana malee namni biraan hinbeekuu laata? Kanaaf tayinnaa namni biyya keenyaa seera wallaalee mirgaaf dubbatee kan adabamu. Moo mirgaaf dubbachuun seeraa? Namoonni baadiyaa rakkoo isaa furachuuf qaama rakkoo uumutti himatu kunimmoo maali? “Rakkataan ulfa fuudha” isa jedhan sana filannoo biraa waan hinqabneef ta’aa laata? Garuu maaliif filannoo dhabuu? jedheen gaaffii deebii hinqabneen mudannoo nu qunname waliin of burjaajesse. Jarreen sadan sunis nutti siiqaniiti “maalinni kunimmoo? Eessaa isaan fidde?” jedhanii isa tumee nu fide gaafatan. “Kuni lamaan warra mana barumsaa jeequuf barattoota qindeessaa jiranidha. Amma iyyuu dirqama fiigichaafi bu’aa ba’ii meeqaan bosona irraa bosonatti na dabarsanii deeggarsa caasaa keenyaan gidiraa akkamiinan qabee fide” jedhe. Lakkii…. obboleessako, daandii irraa nu fiddee bosonaan fide nuun hinjedhiin. Maaloo maal si goone? jedhee osoo ani afaankootii hinfixatiin jarreen sadan suni akka rooba yandoo ji’a Adoolessaa, dullaa harkaa qaban nurratti roobsan. “Afaankee qabadhu” naan jedhan. Wal malee nama biraa dhaggeeffachuuf waan yeroo qaban hinfakkaatan. Dura miti kana booda ture egaa wanti hundi kan bitaa nutti galte. Jireenyi addunyaa kanaa biyya irratti dhalanne keessatti qaawwa limmoo keessa hulluuquu nutti taate. Jarri kun nagaa uummataa eeguuf jecha mootummaan miindaa kaffalee kan gad bobbaase natti fakkaata, akkaan dur yeroo waa’ee poolisii barsiisan dhagahetti. Yeroo barnoota Siiviksii yookaan Lammummaa barannu “ga’een poolisii inni guddaan nagaa uummataa eeguudha” jedha. Akkasi taanaan jarri kun maaliif 42 reebanii nu ajjeesu? Garuu uummata jechuun maal jechuudha? Nuyi lakkoofsa uummataa keessa hinjirrumoo? Maal jechuudhaa? Akka mootummaa biyya kanaatti uummata jechuun dargaggoo hindabalatu jechuudhaa? Moo uummata jechuun warra uffata gurraachaafi buburree kana uffatan duwwaadha? jedheen ammas irra deddeebi’ee mudannoo keenya kana waliin yaadaan raata’e. Biyyeen isatti haasalphattu malee, gorsa akaakayyuukoo yeroo ijoollummaakoo durii keessaa tokko yaadadheen xiqqoo gochaaf jecha poolisoota kanaa dinqisiifadhe. Innis, “sareen tokko dhugumaan saree kan jedhamtu yoo lafa raqaa dabartedha” jedha ture. Edaa saree dhugumaan saree kan taasisu eegee olqabattee deemuu, hudduudhaan quxuuxxattee taa’uu, bifa saree qabaachuu, suksukaan deemuufi foon nyaachuu osoo hintaane, “sareen abbaan guddifate funyaan ishii foolii raqaa foon ishii nyaachisu caalaa foolii hattuu mana abbaa guddisa ishii eegsisu suufa” jedha akaakayyuunkoo. Kana jechuun, dubbii funyaan sareetu foolii raqaa hinharkisu jedhu miti, garuu foolii sareen suuftu hunduu saree ishii hintaasisu jechuudha malee. Kanaafuu nama tokkos nama kan taasisu yookaan poolisii tokkos poolisii kan taasisu hojiif itti gaafatamummaa itti kenname akkaataa qajeelfama seera waltaawaan hojii irra oolchuudha malee, akkaataa haaloofi gadoo haala yeroon hojjechuun yookaan uffata seeraa poolisii uffachuu qofaan isaa, saree funyaan dhadhaa bukaa’e dibamte nama godhee osoo hinbeekiin barootaaf gorduuba nama naannessa malee ofiifis biyyaafis fuuladuratti nama hintarkaanfachiisu jedheen gochaa poolisoota kanaa yaadaan of keessatti gorsaan goolabe. 43 Poolisoonni sunis xiqqoo walitti hasaasaniiti “ka’aa ol seenaa” jedhanii mana fooliin fincaanii funyaan nama duuchu tokkotti nu galchan. Manichis “kan kuftu irratti kan dhuuftu” akkuma jedhamu kan ajaa’a isaa irratti ibsaa waan hinqabneef dukkana isaa iji wal hinargu. Erga dubbiin akkana ta’ee uummanni nagaa isaa eeggachuuf warra nagaa uummataa booressan yoo qe’ee isaa irraa balleessuu barbaade eenyu waliin eenyurratti akka duuluu qabu gaaffii natti ta’e. Kan nagaa uummataa booressu miindaa nyaachaa seeraan booressuuf qacaramemoo, isa jarri kun jedhan bosona irraa bosonatti warreen darbanii maqaa adda addaatiin moggaafamanidha? jedheen funyoo yaadaa kan mataaf miilla hinqabne ofitti naannesse. Nutis dukkanichuma mana ajaa’aa kanatti galuu keenya iyyuu yeroo sanaaf baay’ee gammanne_ reebicha harree hora didde nu godhan sana keessaa boqochuu keenya qofaaf. ***** Nuyis, lamaan keenyi iyyuu erga manicha seennee balballi alaan nutti cufamee booda, xiqqoo yaada dhuunfaa keenya waliin wal irraa gargar yaane. Yeroo yartuu boodas yaada keenya dachaafannee waliin qaaquu eegalle. Tokkummaa…. ati maal goote garuu Kan akka kanatti si dhaanan? jedheen harkaan mataa isaa susukkuumaa gaafadhe. “Dhiisi Jaawwaraa. Waanuman kana jedhee sitti dubbadhus hinqabu. Maaltu akka ta’eefi akkam akkan ta’es waanuman beeku hinqabu. Afaankee narraa qabadhu. Osoo akka namaa yeroon baatee yeroon galta ta’e, maalitti dhiigni keenya akka 44 dhiiga saree daandii gubbaatti dhangala’a” jedhe_ Tokkummaan. Maali Tokkeekoo, ati ana barbaacha manaa baatemoo? Maaloo adaraakee maaliif akka si dhaane natti himikaa. Maaliif akkana aariin of muddita jedheen ammas irra deddeebi’een isa sossobe. Tokkeenis, osoo imimmaan lakkuufi dhaanquu lolaasuu, “anoo kaniin ganama barii barraaqa barruuleekoofi uffatakoo qabadhee as godana laga Bashaargoo iddoo uffata miiccaa sana bu’e, uffatakoo miiccadhee afadheen achuma cinaa kichuu filii baargamoo keessa ciiseen barruuleekoo dubbisaa oole. Aduun galgalaa’e jennaan uffatakoof barruuleekoo guurradhee gara manakootti ergan galee booda, qofaan waan ana jibbisiiseef si duukaa taphadhee deebi’a jedhee gara manakee dhufnaan ati mana hinjirtu” jedhe. Ajaa’iba rabbii! Ganama baatee galgala kan galtu nyaata fudhattee deemtemoo akkanumaan hagabuu oolteree? jedheen itti deebise osoo inni gaaffiikoo duraaf deebisee naaf hinxumuriin_ gidiraa nuyi amma argaa jirruufi iddoo inni oolee dhufe lachuu waan garaa nama nyaatuuf. “Lakki…. haga kanayyuu ana hinbeelessine. Ganamas bixxillee galgala hafteettu tokko ciniinee ba’eera. Kanarratti immoo barruuleekoo dubbisaa waanan tureef yaadnikoo qayyabannaatiin qabameera. Waanuma garaa iyyuu hin yaadanne. Yeroo biiftuun qaaritu akkuman manakoo seenee uffatakoofi barruuleekoo olkeeyyadheen waanuma argamte si biraa nyaadhee xiqqoo taphadhee dadhabbiikoo dagadhee deebi’a jedheen gara manakee dhufe. Yeroon achi ga’us ati mana hinjirtu. Akkuma amalakee mana Kuluulee deemteetta 45 tayinnaa jedheen daandii karaa magaala jalaa karaa mana obbo Gabbisaa sanarra goreen gara mana Kuluulee dhaqe. Yeroon achi ga’ee balbala duuba dhaabadhee Kuluulee… Kuluulee… Kuullee… jedhee ishii waamu, ooko jettee mana ishii keessaa gad baate. “Eenyu? kan na waamu” jette. Ana Tokkummaadha. Kuullee…. jedheen bakkuma ijaajjee ishii waamaa turetti callise. Ishiinis fiigdee dhuftee balbala bante. “Kottu ol seeni. Tokkee, maali baay’ee wal irraa bannehoo. Anamoo situ wal dagate?” jettee ofitti qabdee harka na fuute. Osuma ani jecha tokko hindubbatiin wal walirratti jecha komii narra naqxe. Anis dhiifama naaf godhi Kuullee. Har’a baay’ee dadhabeera waan ta’eef dafee galee ciisee boqochuu barbaadeera. Amma Jaawwaraa manaa waanan dhabeef si bira dhufeera tayinnaa jedheen si gaafachuu dhufe malee ol hinseenu. Guyyaa biraan dhufa” jedheen, ati ishii bira jiraachuukee gaafadhe. “Wayyoo! Ammuma kana karaa isa olii kanarra na gaggeessee gara mana isaatti kute. Yoona iddoo manicha bareedaa, isa kan namicha bulchaa sanaa hindarbu. Dafii qaqqabadhu” na jette. Tole… jedheen harka fuudhee nagaatti buli jedheen duubatti ofirra deebi’e. Yeroon karaa ati irra deemte jedhame sanarra qajeelu, egaa Tokkee har’a hintaa’u erga jettee boru Jaawwee waliin koottaatii waliin taphanna anaan jette_ Kuluuleen. Tole… ni dhufna jedheen, si qaqqabuuf daandii ati irra sokkite na jette sana qabadheen daddafee deemuutti ka’e. Kanuma gidduutti osoon deemaa jiruu akkuma bakakkaa karaa duubakoo si’uma akka harree na dhuukkalu isa jalqabaa duwwaan beeka malee isaa booda akkam akkan ta’es akkam akka ana godhes hinbeeku. Isuma ofiikee dhaabattee ijakeen agartedha mitii” na jedheeti bo’ichasaa irqinfatee imimmaan lolaase_ obsuuf qabachuu dadhabee. 46 Akkamitti inni ana booda ka’ee karaa ani nagaan irra darberra dhufee uggura kanaaf saaxilame garuu ana ajaa’ibeeti homaa osoo hindubbatiin xiqqoo ofirraan callise. Dukkanni isaa silaa imimmaan isaa akkan argu miti qaamuma isaa iyyuu ana hinargisiisu. Garuu sagaleedhuma irqinfuu bo’icha isaa yeroo gurrikoo dhagahu waan ta’e garaatii na ka’e. Anis imimmaankoo isa amma kumbulloo ga’u fuulakoo irra gad darbachaa, mormakoofi lapheekoo tortorseen bishaan sochootuu lafa raatuu keessaa fakkeesse_ imimmaaniin. Waan biraa akka deeggaruu hindandeenye waan hubate natti fakkaata sammuunkoo kan ajaja biraa dhabee ajaja bo’ichaa narratti labse. Bo’ichakoo kololaasee yeroo naa gamee imimmaan ana keessaa dhume, iji na gogee libsachuun dadhabe. Fuullikoofi hidhiinkoo waan ashaboo dibame fakkaate. Awwaara reebichaan irra na gangalchan makatee harree daaraa keessa gangalatte na fakkaate_ yeroon ija yaadaan of arge. Hunda caalaa immoo kan gubee na waade hiriyyaankoo Tokkeen anaaf jecha beeluudhaan mar’ummaan isaa hidhatee, osoo garaachiifi dadhabbiin mo’oo buustee jirtuu ana barbaacha dhufee kan akkasitti kaskisiin, uleefi dukkanni irratti wal ga’an yaadeeni. Egaa ammas boqochuu hindandeenye. Isa baddaafi gammoojjii yaadaan buusee baase. Garuu namni nama ta’ee daandii irraa qabee dhiiga si tufsiisu, lafee si cabsee eelaa bara baraa si keessa kaa’u nama akkamiiti? Nama nama keessatti dhalatee guddatedhaay? Gumaa durii kan namni hinbeeknetu jira tayinnaa? Kan akkas nuuf nahuu didan. “Hidda malee xannachi hindhiigu” jedhama. Jarri kun alagaa fagoo ta’uu qofa miti, nyapha cimoo ta’uu danda’u yoo afaan oromoo dubbatanillee. 47 Yookaan nama hinbaranne afaaniifi uffataan nama barate fakkaatee kan alagaaf ergamu ta’uu danda’u_ shakkiikooti. Akkuma nama gumaa baasuu daandii gubbaarratti caccabsee gototee mana hidhaatti nu naqaa? Isayyuu immoo bosonaa bosonatti fiiganii gidiraattin qabe jedhaa? Yaa gooftaa waaqa jiraataa! Abbaa dhugaa! Kana hundaa ati inagartas, inbeektas, indeebistas, deebisuufis akkakoof akka hiriyyaakoo humnas ta’e beekumsi si hinhanqatu. Nama akkas nama dhaanus, nama akkas dhaanamus situ uume jedhee osumaan ofitti gumgumuu halkan waariin qaari’ee gara bariitti waan dhiyaate fakkaata sagalee korrisa weenniitu dhufee gurra na seene. Seera uumaa halkan waariin namaaf rafuu kan ture_ hirribakoo dhiiseen, kan hinhaamamneefi hindhahamne oomisha yaada fincila diddaa gabrummaa osoon oliif gad afarsuu korrisni weennii keessaa na baase. Tokkeenis galaana yaada isaa keessaa dammaqee ka’e. “Jaawwee amma osoo lafti bari’e eenyutti himanna? Maal jenneetimmoo itti himanna?” jedhe. Dhiisi rabbi jira. Waan himannaa miti osuma lafti bari’eyyuu waan tokkodha jedheen sodaafi jibban dukkanicharraa qabu gad baase. “Ati immoo isa kami jetta, kun seera uumaati. Ifaafi dukkana osoo hindagatiiniifi osoo hinirraanfatiin yeroo isaatti wal jijjiiruun, hojii rabbiiti. Kan nu sodaachise hojii namaa isa akka kanaa dukkanatti nama cuqqaaludha malee” jedheeti uff-f….. jedhee hafuura dheeraa baafate_Tokkummaan. 48 Inni ati jette illee dhugumakeeti Tokkeekoo. Garuu lafti yoo bari’e waan hundaafuu jarri kun waan dhufaniif, waanuma isaan nuun jedhan dhageenya malee amma yoo mari’annes wanti nuyi murteessuu dandeenyu hinjiru. Rabbi inni dhugaa beeku nuyiif haa murteessu malee jedheeni, yaadaan galaana Didheessaa daakuu eegale. Yeroo kanatti waan nu gochuuf harkaa qabnu tokkollee waan hinjirre natti fakkaannaan. Garuu jechii Tokkummaan jedhe dhugaadha jedhee deeggaruukoof sammuunkoo ana falmuu eegale. Ifaaf dukkana jijjiiruun hojii rabbii ta’uu isaa yoon shakkuu baadhellee, namni nama ta’ee waan ofiif hinbarbaanne namaaf hawwuu irra darbee humnaan akkanatti si ugguru kun gorsa abbaakoo isa gaafa tapha jimmaa jimmiitee Birraa yeroo nyaata asheeta boqolloo ta’uu danda’a jedheen shakke. Hudhaalee jireenya dhala namaa daangessan keessaa “fe’umsa fe’amee hinhiikamne” jedhanii kan abbaankoo nu gorsan sun amala namni yookaan sabni tokko amaleeffatee yeroo hedduu raawwatu akka ta’e nan hubadhe. Poolisoonni kunis gochaan reebichaa isaan raawwatan kun baroota jireenyaaf mootummootaa isaan dura turan keessas waan tureef, yeroo ammaa kanatti namaa namattiifi mootota irraa moototatti tarkaanfatee waan dhufeef gochaan dhaanichaa kun amala itti ta’ee, sabootatti laga riqicha hinqabne ta’ee argame. Kanaaf natti fakkaata sabni oromoo illee “amalliif tulluun hingodaanu” kan jedhuuf. Kan hedduu ana ajaa’ibe garuu mootonni biyya keenyaa riqicha dhaanichaaf gidiraa ta’anii, wal eelessuu darbe deebisanii dhalattuu godhanii saba biyyaarratti biqilchuu isaanii qofa osoo hintaane, irrattillee guddisuuf yaaluu isaaniiti. Kana qofaas osoo hintaane seenaan mootota 49 darbanii madaafi godaannisa isaan kaa’aniin malee misoomaaf nageenya mirkaneessisaniin kan maqaa dhahaman haga har’aatti biyya keenyaaf abjuu ta’uu isaati. Mootonni waljijjiiranis, karooraaf sagantaa haaloo godaannisa mootota darbaniin kaa’amaniif deebii godaannisaa kennuu amaleeffatanii guboo saba mootii darbee adamsuuf kufanii ka’aa jiru. Kan anaafi hiriyyaakoof gaaffii jireenyaa ta’e garuu sabni Oromoo seenaa darbe keessatti mootii ta’ee, sabaaf sablammoota biyyaaf eelaas ta’e seenaa kaa’eeru waan jiru natti hinfakkaatu, garuu nuyi maaliif osoo waa hingodhiin akka waa taane wallaalle. Tokkummaanis jecha ani deebiseef sagalee tokkollee osoo natti hindeebisiin galaana yaada mataasaa keessa seenee culluxii fagaate. Osuma karaa karaa keenya irra mudannoo akka bakakkaa tasa nurra bu’e kana jalaa ba’uuf farda yaada furmaataa gulufnuu, lafti bari’ee simbirroon wacce. Nuyis farda yaadaa irraa buunee ifa karaa qarqara cufantaa balbalaatiin seentee nurra buutu jala teenyee, ija ija keessa wal ilaaluu jalqabne. Qorri irraaf jalaan nu waadaa bulus, ifni karaa qaawwaa galtu kun akka waan nu ho’isuu dandeessuu osoo hinbeekiin, waan irratti wal saamne natti fakkaata. Jarri uffata gurraachaafi buburree galgalaa sun barii barraaqa kana osoo namni ka’ee oliif gadi hindeemiin dhufani. Balbalas nutti banani. “Ka’aa gad ba’aa qulqullaa’aa. Yoo fincaan isin qabeera ta’e” jedhanii balbalarra dhaabatanii ija nutti babaasani. Nutis akkuma “namni bofa arge maagaa dheessa” jedhamu sana, eda galgala waan taane waan beeknuuf daddafneetuma tole jennee gad yaane. 50 “Elaa! mana qorqoorroo fuuldura keessanii sana seenaa daddafaa ba’aa” jedhe. Isaan keessaa tokko, qawwee gombifatee akkuma nama biyya saamee qabame eeguutti nutti siqee ijaajje. Nutis silaa waan irra ciifnu miti waan uffannee bullu iyyuu waan hinqabneef qorri simintoo jalaa irraa ol nu waadaa buleefi reebichi ulee isaanii wal ga’ee, akka bishaan kottolleessaa keessaa walitti kottoonfachiisee waan nu hadoocheef, fincaan nu qabuu isaafi nu qabuu dhiisuu isaallee waa’ee ajaja qaama miiraa keenyaa wallaalleerra. Fincaan nu qabuu isaa wallaallus sodaa reebichaa irraa kan ka’een, ajaja isaanii fudhannee mana fincaaniitti olseenne. Yeroo xiqquma mana fincaanii keessa seennee ofirra gad teenyu, “hinbaatanii jara nana” jedhee sagalee jabaa dubbate_ poolisichi ala ijaajjee nu eegaa jiru sun. Nutis wareerreeti, daddafnee kofoo dhiigaan bulbulame ofitti harkisaa mana fincaanii keessaa gad yaane. “Seenaa ol” jedhee ol nu seensise. Balbalas nutti cufe.
Boqonnaa Sadii
Egaa kaleessa galgala yeroo qabamnee dhufne guyyaan isaa Sambata guddaa ture. Har’a immoo Wiixata waan ta’eef jaalalleenkoo Kuluuleen akkuma durii ganamaan kaatee mana barumsaa dhaqxe. Yeroo kutaa seentee iddoo ani dur taa’ee baradhu ilaaltu hiriyyaakoo Kifilee malee, ani akka hinjirre agarte. Callisteetuma hanga boqonnaatti baratte. Hanga boqonnaan ga’utti baay’ee ariifatteetti; maaliif akka ani mana barumsaa hafe gaafachuuf. Garuu Kifileenis ishii gaafachuuf baay’ee ariifateera. Akkuma bilbilli boqonnaa bilbilameen daftee fiigdee dhaqxee Kifilee cinaa teesse. “Kifilee har’ammoo maa kophaakee teessa?” jettee gaafatte. “Lakki.... Kuullee …. maaliif akkan kophaakoo taa’u iyyuu hinbeekne. Garuu si gaafachuuf waanin qajeele dhuftee ana dursite malee” jedhe innis. Bitaa ishii gale. “Jaawwaraa waliin wal hinagarree?” jette. “Lakki erga gaafa Jimaataatii halaalattuu isa argee hinbeeku” jedhe. “Toleka, waan hundaafuu hiriyyaa isaa mucaa isa ollaa isaa Tokkummaatiin gaafadheen dhufa” jettee Kifilee biraa gad baate_ gara daree Tokkummaa dhaquuf. 52 Iddoo daree Tokkummaa geessee gara kutaa keessa yeroo ol ilaaltu barattoonni hunduu gad yaa’anii ala jiru_ dareen dabtara barattootaa malee barataan tokkollee keessa hinjiru. Namtokkollee daree keessa hinjirani. Duubatti deebitee barataa balbala fuullee dhaabatu tokko itti siqxe. “Obboleessa dareenkee asii?” jettee gaafatte. Silaa amalliifi dubbiin ishii hundatti mi’aawa. “Eeyyee asi, garuu maal barbaadde?” jedhe, baratichi balbala fuullee dhaabataa ture. Waan danda’u yoo ta’e ishii gargaaruuf kan ka’e fakkaata. “Lakki…. homaa miti. Mucaa dareekee_Tokkummaan iddoo taa’u natti agarsiifta jedheen malee” jette. “Iddoo taa’umsa isaa illee sitti agarsiisuu nan danda’a, garuu Tokkummaan har’a mana barumsaa wan hindhufneef qaamaan isa argachuu hindandeessu” jedhe. “Akkasii…. inni hindhufne taanaan guyyaa biraa isa argachuu nan danda’a. Guddaa galatoomi” jettee biraa deemte. Gara daree ishiitti deebitee xiqqoo yaadaan bir’atte_ yaa garaa jaalalaa. Waan bare fakkaata gidiraa ani keessa jiru. Mana barumsaa ishii ooltee galgala yeroo galtu karaa manakoo gortee ana gaafatte. “Lakki….. innoo balbala kana hinmul’atu” jedhan warri mana naaf kireessan. Silaa duraanuu manakoo malee mana Tokkummaa waan hinbeekneef ofirra garagaltee gara mana ishiitti kutte_Kuluuleen. Durumaanuu bor irbaata waliin nyaanna jennee beellama walii waan qabnuuf erga galtee xiqqoo boqottee booda irbaata hojjechuu eegalte. Tokkummaanis isa 53 waliin dhufuu danda’a jettee waan shakkiteef irbaata nama sadii ga’u mi’eessitee hojjechuuf olii gadi kurkuraa oolteetti. Yeroo aduun dhihuu jala ga’e waan hunda qopheessitee ammamoo amma dhufu jettee sagalee keenya eeguuf alatti osuma gurra qensituu lafti dukkanaa’e. Ishiinis erga wal barree jaalala waliin jalqabnee asitti guyyaa ani dhufa jedhee hafee beeku, yoon hafes ergan hafee sa’aa beellamaa sana dabarsee, ariitiin dhaqee sababaan itti hafe ishiitti himu beekti malee, waan akkanaa kaniin ishii mudachiisee beeku waan hinjirreef baay’ee natti mufatte_ garaa ishiitti. “Mucaan kun maal jechuu isaati? Irbaata waliin nyaanna na jedhee cirumayyuu mana barumsaa hafee oolee ammas manakoo hafuu isaatii?” jettee ofitti odeessiti. Isa gaafa jalqabaa keessikeefi dubbiin afaankee yoo tokko ta’e waan gargar nu baasu hinjiru jette yaadatte. Deebitee immoo jaalala anaafi ishiin waliif qabnu waan dhamdhamtee beektuuf, “garuu dhuguma hanga ammaa Jaawween anaan beellamee mana ormaa taa’a natti hinfakkaatu. Mucaan kun nagaa miti tayinnaa?” jettee osuma yaadaan battee dhootuu halkan waariin ga’ee hirribni fuudhee bade_ osuma waan kurkurtee qopheessaa oolte afaaniin hinqabiin.
Boqonnaa Afur
Anaafi hiriyyaankoo Tokkummaanis kaleessa dukkana galgalaa sodaannee lafa bari’ee ifu hawwaa turre. Kunoo har’as ifa mo’atee dukkanichi nutti dhufeera. Har’a garuu dubbiin akka kaleessaa miti. Dukkana kaleessaa, kan galgala keessa bulle miti, har’a guyyaa ifa qabullee yeroo xiqqoof osoo balballi nutti hinsaaqamiin oolle. Erga ganama fincaaniif nu yaasanii eegalee. Kutaa manaa nuyi keessatti hidhamne keessa hidhamaan biraa waan hinturreef, namtokkollee hidhamuu keenya kan beeku hinjiru. Kan nyaata nuu fides hinturre. Jarris homaa nuuf hinlaanne. Yeroo kana egaa, harka nama namaaf hindiinnee gallee yeroo beelliifi qorri, dukkanniifi sodaan nurratti wal ga’ee waxxee qormaata jireenyaa nutti waxxisuu eegalu, isa kaleessa Kuluuleen irbaata waliin nyaanna jette yaadadheen garaankoo na baabba’e, na boora’es. Yoona nyaata hojjettee ana eegdee yoo dadhabde maal na jetti ta’a? jedheen yaadaan gara mana ishii beellamakoo dheengaddaa dhaqe. Garuu kan ana ajaa’ibe, osoo gidiraafi sodaan gocha badii malee anaafi hiriyyaakoo dararaa jiruu, yaadnikoo kana cinaatti dhiisee, waa’ee jaalalleekoo_ Kuluulee mana ishii siree ishii irra ciisaa jirtuu cinqamuuti. Yaa jaalala dhugaa! Ati teessoonkee eessaa? Lafa hagamiitu si ga’a? Yaa jaalalaa… ati uumaamoo uumamaadhaa? Kan 55 daangeffamuu hindandeenye . Safuu! Gammachuun si hindaangessu, gaddi si hindaangessu, fageenyi si hinmurteessu, ifaaf dukkana hinfilattu, ati uumaankee maalii? Ammas safuu! As mana fincaaniifi tafkii keessa taa’eellee takkuma waa’een Kuluulee hamman mana hidhaa kana keessaa ba’utti sammuukoo keessaa hinirraanfatamuu? Kan asitti ana faana mana fincaanii keessatti rakkatu maaliifi? Yaa jaalalaa…. ati ajaa’iba uumaas taatu uumamaa, jedhee osoon waa’ee jaalalaa sammuu wareereen forocuu halkan guyyaa lammataa waariin baate. Yaadakoo galaana jaalalaa horfu kana duubatti dachaafadheen hiriyyaakoo ana barbaacha dhufee ofii barbaacha dhabe kana_ Tokkummaa harkaan qaqqabeen, silaa hirribaaf ciisuu maaltu jiraa miti, Tokkee… Tokkee… jedheen waame. Innis akkuma nama rafuu xiqqoo ana jalaa calliseeti, “maali? maal taatee ana waamta?” jedhe sagalee dallansuu tokkoon. Lakkii…. anoo dukkana kanaaf ijikoo waan fuulakee hinargineef osoo teessuu hirribni si qabee jedheen shakke malee waan biraaf miti. Garuu yoo si qabeera ta’emmoo anaan waan hinqabneef as natti siqii mataakee gudeedakoo irra hirkifadhuu xiqqoo shillib jedhii ka’i, jedheen jilbakootti gad gombifameen taa’e, quxuuxxadhee_ qorra keenyanichaa dugda na gubaa jiru baqachuuf. “Lakki…. anaanoo hirribni hinqabne. Ati dur sa’atii kana inteessa turtemoo? Wanti sirra ga’e kun siin aarsee hirriba si dhoowweeti, anaan gammachiisee hirriba natti naqe jechuu keetii?” jedheeti, sagalee gumgummii tokko dhageessise. 56 Akkas jechuukoo miti Tokkee… garuu “sodaa du’aa hirriba malee hinbulani” jedhama mitii. Waan taanewoo sila taanee. Teenyee yaadaan osoo namoota kaartaa nurratti taphatan ilaalluu osoo hinbeekiin hirribni nu fuutee baduu dandeessi jedheeni malee, jedheen sagalee laafaan isa jajjabeessuu barbaade. Xiqqoo walirraa callifnee akkuma turreen akkuma kaleessa yoonaa sagalee korrisa weennitu gurraakoo seene. Maaloo yaa gooftaa! Har’as kan hirriba dhabnu irratti osuma yaadaan lafa qarmii hinqabne qonnee qofforruu lafti nutti bari’ee? Yoo bari’es maal nuuf godha? Akkanumaan akka hantuuta gannaa walitti butamnee teenyee karaa qaawwaa ifa hawwuu irraa kan hafe, jedheen ofitti odeessa. Hiriyyaankoo Tokkummaanis isan ani dhagahee yaadaan buusee baasaa oole_sagalee korrisa weennii, marii tokko malee waa’ema kanaa waan yaadaan akka maraa gundoo naannessaa ture natti fakkaata. Gidduumatti, sagalee akka wareeruu ta’e tokkoon na waame. “Egaa nuti asuma keessatti tortorree duunee banna jechuudhamoo, maal jechuudha?” jedhee ana gaafate_ akka ani waa furuu danda’uu. Dabalees, “fira cimaa abbaa aangoo kan dubbatee dhageessifatusoo hinqabnu. Fira nuti qabnuhoo akka jirutti hundumtuu baadiyaa keessaa qonnaa qota. Qonnaa isaa dhiisee osuma midhaan ciniinnu illee isiniin fida jedhes haga inni deebi’ee galutti iyyuu jaldeessiifi booyyeen midhaan fixa. Maal wayya? Maal malanna? Garuu osuma booyyeefi jaldeessi midhaan isaan dhama’anii oomishan kana garanaaf garasiin butanii ishuma hafte haammachuuf iyyuu yoo hidhamuu keenya dhagahan qofaadha kan midhaan nyaataallee nuu fidan” jedhe_ Tokkummaan. 57 Anis laficha abbaankoo qotee nu jiraachisu sana nan beeka. Gaaf gaaftokko yeroo nuyi galgala walitti naannofnee jimmaa jimmiiteef hibboo taphannu, erga miilla isaa dhiqatee booda rakkoo bineensi isarraan ga’aa oolan nutti hima ture. Lafichis oomishaaf oomishtummaa dabaluu irratti akka mudaa hinqabne indubbata ture.Yoo Qamadii facaaste qamadii irraa guurta. Yoo barbaadde boqqolloo, yoo barbaadde xaafii adiif diimaa, yoo feete Garbuu, feenaan immoo Mishingaa, yoo barbaaddes kuduraaf muduraa kan barbaadde facaaste akka barbaaddetti siif biqilcha. Garuu, maal godha biqilchuun, yoo haammatanii dhahatanii galchatan malee. Kan abbaakoo yeroo hundumaa hojiin isaa qotuu, qofforuu, meesuufi aramuu qofa akka ta’e nutti hima. Karaa Kaabaa tulluu, dhagaafi holqa, dachee bineensa saamtuuf tolu tokkotu jira. Jaldeessiifi dhaddeen da’oo kana argatanii abbaan qabeenyaa abbaankoo inni qotee qoffore osoo ijaan ilaalee hinquufiin, asheeta osoo bilchaatee haamaaf yookaan cabsaaf hinga’iin hundeetti buqqisuu eegalu. Kanarratti iyyuu abbaankoo halkan miti guyyaa iyyuu nama bira dhaabatee midhaan isaa irraa bineensa haay jedhu hinqabu. Guyyaa saafaa jaldeessi boqolloo seenee yoo hodhee dadhabe boqolloo corqaa guuree holqatti naqee yaabee irra ciisaa oola. Ijoolleen wasiillankoo dargaggoo ta’an kan naannoo laficha abbaakoo oolan immoo yeroo jaldeessa kana argan baay’ee gammadu. Maaliif yoo jette, yeroo jaldeessi midhaan seenu, abbaako abaluu jaldeessi karaa Kaabaa midhaan fixe jedhanii abbaakoo jaarsa eeguufi ariisaan jaldeessa Kaabaa dulloomse waamanii itti himu_ akka waan isaaf ooganii oo’anii. Yeroo kana dhagahu abbaankoo jaarsi maanguddoon kun ulee isaa dhadhaabbatee gatantaraa maasii isaa gara Kaabaatti fiiga. 58 Jarreen kaleessa dhalatan, dargaggoon dhiigaan finna keenya ta’an kun seenaa waa’ee jireenyaa yeroo lafa higiggiraa bosonaafi harangamaa ciranii baasanii har’a lafa warqee hunda sooru godhanii kana waan hinbeekneef, waan beekne itti fakkaatee abbaakoo jaarsuma waamanii ariisaa jaldeessa Kaaba maasii isaatti bobbaasan kana duuba deebi’anii karaa Kibbaa, Lixaafi Bahaa, isaanis corqaa boqolloof mishingaa kana gadi ciruutti ka’u. Kan nama ajaa’ibu keessaa garuu yeroo jaldeessiifi booyyee wallaalaan bineensi bosonaa baree daqiiqaafi sekoondii midhaan seenetti osoo ati duukaa fiigduu boqolloo muka tokkos ta’e lama butatee fiigee ba’u, isaan uumamaan nama ta’an kun immoo jaarsa duuba deebi’anii yoo boqolloo seenan, midhaan isaa irraa cabsanii jaldeessaaf lafa buusu. Agadaa isaa kan harreef fardi nyaattu achi keessa ciisanii hamma garaan isaanii guuttutti cuunfaa oolu. Yoo garaan isaanii guutte akka waan waggaa tokko lama midhaan malee jiraatanii, waan sa’atii tokko lama hincaalle gidduutti kan udaa’anii fincaa’aniif gammadanii afaan sukkuummachaa boqolloo keessaa yaa’u_ harka qullaa. Abbaankoo jaarsi du’aa fakkaatu kun garuu yeroo dargaggoon fira dhiigaa, kaleessa haala mijate keessatti dhalatan kun isa gowwoomsanis numa beeka. Innis ijoollee dargaggoo akka isaanii kaleessa dhalatanii har’a akka jabbii calacoo burraaqan kanas dhalchee of jalaa qaba ture. Garuu inni kaan lafichuma warqee kanarratti jaldeessa Kaabaa midhaan corqaatti kolaasee fixe kana osoo arii’uu yeroo jaldeessi waan itti dhalatteefi guddatte jireenya lafa dhagaa, utaaltee holqa irraa gophootti, gophoo irraa dhagaatti dabartu inni immoo utaalee dhagaa gidduu gophoo keessatti hafe_mataan galagalee, nama lafaa hirkisee kaasu dhabee. 59 Inni kaan immoo jaldeessuma kana laga ceesisee holqa ishiitti galchuuf ganamaa galgala mudhii hidhatee osoo faccisuu, huddu duubaa namumti fira ta’ee fira hinbeekne waan itti hammaateef, humna jaldeessa faccisuufi humna nama fira ta’ee fira hinbeekne barsiisu barbaacha hanga har’aa jooree jaawwaraa jira; baddaaf gammoojjii lafa alagaa keessa. Guyyaa tokko akka dhufee galus abdii guddaan qaba. Waaqas nan kadhadhaaf. Waan hunda caalaa garuu ishuma har’a warri keenya nyaatanii bulaniifi ishuma as lafa mana kiraayiikootti akka qallabaatti anaaf ergan kana iyyuu qabatuma jaarsa kanaan arganna. Innis maal seete, abbaankoo jaarsumti jarri saamtuun sun akka nama humna hinqabneetti ilaalan kun gaaf gaaf tokko aaree, saqalaa boqolloo yaabee taa’ee osuma ulullee afuufuu, jaldeessi dhuftee boqollootti naqamti. Achii aaree kaanaan, saqalaa boqolloo irraa bu’ee gara Kaabaatti fiiguu isa hinbarbaachisu. Achumarra dhaabatee, furguggee isaatti dhagaa hidhee, hoomaa jaldeessa Kaabaa boqolloo corqaa fixu kanatti yeroo furguggisu, keessaa tokko adda dhahee akkuma boqolloo corqaa ciniintetti lafa ishii ciniinsisa. Yeroo kana egaa namoota fira ta’anii fira hinbeeknes ta’e jaldeessonni Kaabaa boqolloo corqaa fixan kun, onnee naasuutiin torbee tokko lama turu_ osoo karaa midhaanii hinba’iin. Egaa jaarsi osuma bulee bubbulee aariidhaan ka’ee, ija nyaattuufi saamtuu tokko tokko jaamsuu ishiin hafte corqaan kun bilchaattee kaan haamuuf, kaan immoo cabsuuf geessi. Kanaani egaa jaarsi otuma hambaa jqaldeessaafi booyyee walitti coruu nu nyaachisee lubbuun nu tursaa jira, jedheen waa’ee jireenya keenyaafi oomisha midhaan maasii keenyaa hiriyyaakoo Tokkummaatti hime. 60 Innis otuma ana dhaggeeffatuu anis osuman seenessuu iyyi lukkuu waca sinbiraatti nu ceesiseeti lafti bari’e. ***** Silaa balballi karaa alaan waan nutti cufameeruuf namoota diidaa dudubbatan sana, addaan baasnee beekuu hindandeenye. Sagaleema namaa dhagahuu irraan kan hafe abalutu alaa dubbata hinjennu. Callisneetuma osoo sagalee namaa dhaggeeffannuu sagalee dubartii wahii dhageenye. Lachuu hafuura baafachuu dhiifnee alatti gurra qensine_abaluu ishii adda baafachuuf. Ammas xiqqoo turee, sagalee dubartii boossuu gurra keessa nu seene. Osuma nuti walii ishii hinbariin yeroo yartuuf dallaa waajjira poolisii keessatti takka boossee gara mana ishiitti deebitee galte. Garuu intalli alaa bo’aa turte kun jaalalleekoo_ Kuluulee turte. Ishiinis isa gaafa bor galgala irbaata waliin nyaanna jennee wal beellamnee gargar baane sanaafi irbaata qopheessitee nu eegdee dadhabde sanaa kaasee, aarii qabdi ture. Har’a garuu aariin ishii duraa kun waan biraa ta’ee argameera. Kuluuleen akka lubbuu ishiitti ana jaallattuufi akka lubbuukootti ani ishii jaalladhu, har’a isa irbaata qopheessitee beellama irratti na dhabde osoo hintaane, isa guyyaatti si’a kudhan manakoo dhaqxee yeroo hundaa balbala manaa cufaatti dhaqxuufi mana barumsaa dhaqxee yeroo hundaa daree keessaa anaafi hiriyyaakoo_ Tokkummaatiin dhabdutu gaaffii jireenyaa itti ta’ee halkaniif guyyaa ishii maraachaa jira_hammam akka barnoota keenyaaf iddoo kenninu waan beektuuf. Waan taane wallaaltus nagaatiin hagana akka ishii irraa hinfagaanne hubatteetti. 61 Kana irraa ka’uudhaanidha egaa har’a kan waajjira poolisii ishii fidee imimmaaniin booresseeru. Ishiinis ol baaftee gad buuftee yaaddee dadhabdeetti. “Ijoolleen kun garuu nagaatiin barnoota isaaniifi manakoo irraa hincitan” jettee waajjira qajeelcha poolisiitti beeksisuu dhufteetti. Akkuma dhufteefiis, seentee irqinfuufi imimmaan lolaasaa osoo boossuu itti beeksifte_ sababa hinbeekamneen lafa buuteen keenya akka dhibame. Poolisoonni ishii arganis “ijoolleen ati badan jettu kun maalkeeti?” jedhanii gaafatan_ imimmaan ishii waan garaa isaan nyaate natti fakkaata. Ishiinis dhugaa jiru tokko osoo hinhambisiin itti himte. Ajajaan waajjirichaas “ammaaf illee wanti quba qabnu hinjiru, garuu sa’atiifi guyyaa ati nutti beeksifte kanaa eegalee hordoffii barbaachisu hundaa ni goona. Waan hundaafuu maal irra akka geenye ati deddeebi’ii nu gaafadhu” jedhe. Afaan dhadhaa dibatee. Akka nama ishiif oo’eetti jecha of sobuutiin laaqame dubbatee ofirraa ishii gaggeesse_ akkuma nama nuun hinagarre of fakkeessee. Ishiinis “tole… tole….adaraa maaloo ijoolleen kun lachuu ijoollee bakka hintaane buluu miti sekoondii tokkoof illee bakka hintaanetti argamuu hinbarbaadnedha. Ijoollee baay’ee barnoota isaanii jaallatanidha. Jabaadhaa naaf hordofaa” jettee qajeelte, ofduuba garagaltee. ***** Dhufee nu bira ga’eeti, balbala mana keenyaa ‘qosqos’ godhe. Nuyis duraanuu afuura sodaan waan guutamnee jirruuf, har’ammoo maaltu galgalaan nutti dhufe? Sa’atii kana nu baasanii eessa nu geessuufi? Gadi yaasanii nu tumuuf jiru 62 tayinnaa? jennee garaadhumatti yaadaan battee dhoofnee jalaa callisne_ ati eenyu jechuu didnee. “Jarana… har’ammoo yeroomaan raftammoo? Maa ana jalaa hinqabdan?” jedhee balbala nutti bane_ osoo nuti homaa jalaa hinqabiin. Lakki…. rafnee iyyuu miti. Akkanumaan abbaa isaa waan hinbeekneef callisne malee jenne. Lamaan keenya iyyuu akka nama qaana’e tokkoo wal ilaallee lafa ilaalle_ bilicii ibsaa keessa. “Waan hundaafuu amma isin lachuu ka’aa mana keessaa gadi ba’aa. Intalli tokko isin dubbisuu barbaaddee ala kana dhaabachaa jirti” jedhe. Akkuma inni kana dubbatee afaanii buufateen, dugdikoo bakka lamatti na qurxame. Dubbachuufis afaankoo na saamsame. Ol ka’uufis mogoleenkoo na laafe. Achuma akkan taa’etti ija ija poolisichaa keessa osoon ilaaluu afuurrikoo dhufee deebi’uu dide. “Maaliree…. ka’ikaa Jaawwaraa…. ni rifattemoo? Homaa miti hinna’iin. Ka’ii gadi ba’ii jaalalleekee dubbisi” jedhe poolisichi. Ammas homaa deebisuun dadhabe. Hiriyyaankoo Tokkummaan fuuldurakoo bilicii ibsaa alaa ol galtu jala taa’ee achii as na laaleeti akka ani ta’uufi fuulakoo argee osoo hinbeekiin sagalee tokko malee imimmaan isaa fuularra akka lolaa lolaase. Anis jecha namicha kanaa fudhee osoo of hinamansiisiin calliseetuma jilbakoo jabeeffadheen osuman hoolladhuu olka’ee ijaajje. Gadi ba’uufis tarkaanfachuun yaale_ mogolee beelliifi qorri, dhaanicha jaraa waliin wal makee laaffiseen. 63 “Ka’i atis Tokkummaa…. garuu lachuu harka harka wal qabadhaatii wal cinaa bu’aa gad ba’aa” jedhe_ poolisichi. Nutis harka wal qabannee tirachaa, mana keessaa gad yaane. Yeroo nuti mana keessaa gad yaanu, ani ganaa dallaa ala baana jedhee waanan yaadeef takkaa illee ol jedhee fuuldurakoo hinilaalle. Calliseenuma suuta tirachaa fuulduratti qajeele. Garuu Kuluuleen fuuldura keenya ijaajjitee waan jirtuuf yerooma nuti manaa gad baanu ija naasuufi dukkana sursuraan walii keenya adda baasuu dadhabdeeti xiqqoo gad nutti siqxe. Ol jedhee gaafan fuuldurakoo ilaalu Kuluuleetu anatti adeemaa jira. Ku… Kuu…Kuulleekoo… jedhee yeroon afaan banee imimmaankoo lolaasuutti jalqabu, ishiinis bakkuma jirtutti akkuma sagaleekoo dhageesseen nama elektirikiin qabee dhiiga keessaa fixe taatee gogdee hafte. Imimmaan lolaasaa walitti siqnee si’a qaamaan walitti marminee nagaa wal gaafannu, nuun lachuu akka walitti marminetti, hiriyyaa keenya Tokkummaan akka lamaan keenyatti marmetti gaddi gargar baanee turuu keenyaafi gidiraan oolaa malee agarre walitti dhufee irqinfuu bo’ichaafi lolaa imimmaanii nu daaksise. “Amma dhuguma si argee? Ati Jaawwaraadhaa? Jaawweekoo… maaloo maalin si gaddisiise? Maalin sitti balleesse? Yoodhuma kaan hafe illee afaaniin akkan dhufee isin dubbisuuf maal ta’a akkuma hidhamtaniin osoo nama natti ergitee jiraatte? Jaawweekoo… maaliif adabbii natti cimsite?” Yakkikoo hammuma kanaa cimaadhaa? jettee afaan afaankoo keessa hidhii imimmaaniin tortoreen ‘lamphas lamphas’ gootee na dhungatte. 64 Dhiisi hinboo’iin Kuulleekoo…. Ani sitti ergachuu jibbeen yookaan irraanfadheen miti. Siin malees asii naman itti ergadhus ta’e himadhu hinqabu. Sitti himachuus ta’e ergachuun anaaf filannoo miti. Waanan siin walbira qabee keessaa si filadhus hinqabu. Ati anaaf jaalalaafis ta’e fira dhiyoo namaaf oo’u tokkittiikoo biraqabaa hinqabnedha. Garuu…. jedheen afaankootti hambifadhe. Haala isaa ibsuufii barbaadeen poolisicha nu cinaa dhaabatu sodaadhe. “Waan mari’attan dafaa mari’adhaatii ol galaa. Ishiinis osoo aduun itti hindhihiin yeroodhaan gara mana ishiitti haa deebitu” jedhe_ poolisichi. Silaa akka ilaalcha jara kanaa hubannetti maal gochuu dandeenyaayi maal mari’anna miti. Callisneema walitti bo’uu keenya itti fufne sadanuu. Yeroo yartuuf akkuma walitti boonyeen booda, wal irraa ol jennee ija ija keessa wal ilaaluu eegalle. Ishiinis “maaloo Jaawweekoo maal gootanii hidhamtan? Amma kanaa booda immoo akkamittan isin arguu danda’a?” jette. Waadaa poolisichaaf galte waan beektuuf_ dubbichi akka dhoksaa cimaa ta’e. Waanan dubbadhu wallaaleeni, imimmaan boolla ija ishii keessaa burqu ilaalee fajajeen hafe. “Sittan dubbachaa jiraam? Jaawweekoo maaloo adaraa waaqa jaalalaa, yoo mana hidhaa kana keessaa ba’uu dandeessu ta’es yoom akka baatan, yoommoo asuma turtu ta’e akkamitti akkan nyaata isiniif fiduu danda’u natti himikaa? Maa callistee ija keessa na laalta?” jette, ammas dabaltee. Kuulleekoo ati akkamiin akka nuyi as jirru dhageesse? jedheen ajaa’iba dhagahamuu hidhamuu keenyaa gaaffe. Gaaffiisheef osoo deebii hinlaatiin_ ani icciitii jiru waan 65 hinbeekneef. Waan hunduu alaa waa’ee hidhamuu keenyaa odeessu natti fakkaate. “Egaa namni akkuma uumamaan fuulli isaa adda addaa, garaan isaas adda addaa” jettee jalqabde. “ Waajjira kana isin barbaacha dhufeen ture. Garuu isin argachuu hindandeenye. Booda garaa kutadhee ba`uuf yeroon ka`u poolisichi kun imimmaan koo argee nawaame. Yerooma ani balbalaa gad bahu duukaakoo ba’ee nawaame. “Maali? Maaltu si dhaane? Maaliif boossa?” jedhee nagaafate. “Lakki… namatu na dhaane miti. Hiriyyaakoo kaniin baay’ee jaaladhutu hiriyyaa isaa tokko waliin lafa isaan seenan dhabeen bo’a malee” jedheen itti hime. Irra deddeebi’ee dubbii na qore. Akka ani jaalala dhugaa si jaaladhus jechakoo irraa hubate” jette. Humni jaalalaa silaa hinmadaalamu. Nama itti beekeef sibiila baqsa. Nama itti wallaaleef immoo cabbii itti maqsa. Poolisichis waan garaan boora’e fakkaata. “Booda waajjirri sa’atii 11:30 tti cufama. Atimmoo isaa booda xiqqoo turii kottu. Ijoolleen lama bakka ta’e tokkotti hidhamanii jiru kan jedhu odeeffannoo waanan dhagaheeruuf, iddoo isaan jiran qulqulleesseen sitti hima. Deemtee adda baasuu dandeessa” jedhee na gaggeesse” jettee qarqara icciitii dhaga’amuu hidhamuu keenyaa natti himte . Haaluma kanaan amma yoon dhufu waa`ee keessan tokko tokkoon nagaafte. “Maqaan isaanii eenyu eenyu jedhamu? Bifni isaanii maal fafakkaatu?” jedhee sammuukoo qoraa oolee, “waan hundaafuu ijoolleen kun naannooma kana jiru. Amma waameen si dubbisiisa. Dursa garuu waadaa anaaf galtu qabda” jedhe_ sodaa iccitiin ba’uu danda’a jedhu waan qabu fakkaata. Silaa isaafis dubbii buddeenaati. 66 “Tole… Waan barbaadde yoo narraa feete waanan qabutti hanga lubbuukootti waadaan siif gala. Ati qofaan ijoollee kana ijumaan ana agarsiisi malee” jedheen. Innis “waadaan ati anaaf galtu baay’ee salphaadha. Erga nama wabii lubbuutiin waadaa seenu taatee, ani waadaa wabii lubbuukee miti waadaa wabii arrabakeen barbaada” na jedhe. “Maal jechuu keeti? Anaaf hingalle” jedheen_ deebiseef. “Ijoollee kana lamaan, isa ati barbaaddu, ijaan nan si agarsiisa. Afaaniinis dubbistee yeroo murtaa’eef waliin mari’achuu dandeessa. Garuu, asii baatee booda ijoollee kana argeera , dubbiseera jettee yoo dubbatte anaafis buddeena waan ta’eef tarkaanfiin isaan irratti fudhatame kun si irrattis akka fudhatamu hindagatiin. Kanaafuu, eegamuun iccitii kanaa yoo lamaan keenya fayyade iyyuu, eegamuu dhiisuun isaa lamaan keenya hinmiidhu siin qofa malee. Ofiif jecha iccitii kana sirriitti eegi” jedhe. Anis, tole! Akka ati na jettetti icciitii kana nan eega, homaa na hinshakkiin jedheen. Kana booda egaa, bakka taa’uu ol ka’ee qawwee isaa gombifate. “Mee ati asuma ijaajji ammaaf” jedhee gara mana amma isin keessaa yaatanitti gad qajeele. Kanumaan sababa poolisichi garaa naalaafeeef walarguu dandeenye. Kanaafuu, ammaa boodahoo akkamitti walarguu dandeenya?” jettee nagaafatte. Akkana yoo ta’ehoo, nuyi maal murteessuu dandeenyaree? Waa’ee deebinee wal arguu keenyaa. Atumti karaa dandeesseen nu hubadhu malee Kuulleekoo jedheen akka 67 nuyi wal arguu keenyaaf ga’ee taphachuu hindandeenye ishiitti hime. Poolisichis “kana caalaa jarana kottaa ol deebi’aa. Anaafis buddeena” jedhee gargar nu baasuuf nutti as adeeme_ bakka ijaajjee jiruu. Ishiinis haalli isaa waan ishiif gale natti fakkaata. “Tole” jette. Haaluma har’aa kanaan guyyaa biraas suuta jettee nu arguuf garuma ishiitti murteeffateeti, maddiikoo isa harree daaraa keessa gangalatte fakkaatu asiif achiin ‘lamxas lamxas’ goote. Ana dhungattee imimmaan lolaasaa duubatti siqxe. “Jedhaa… waaqayyo abbaan jaalalaafi abbaan dhugaa inni humna qabu isin waliin haa ta’u. Jaawweekoo sin jaaladha. Obbo poolisii isinis baay’een galateeffadha. Tokkummaa egaa jajjabaadhaa” jettee imimmaan ishii dhangalaasaa gara mana ishiitti qajeelte. “Homaa miti waan hundaafuu waan jenne akka jennetti eegi. Dubbiin akka dubbatani qalqalloon akka hidhani. Jedhi nagaan buli” jedhe_ poolisichis. Nutis ofirra deebinee mana keessaa baanetti ol seenne. Poolisichis duubaan nutti cufee gara teessoo isaatti deebi’e. ***** Guyyaa galgala sanaa eegaleeti egaa sammuunkoo onnee qulqulluufi jaalala dhugaadhaan dirqisiifamee waa murteessuuf kan kutate. Anas ta’e hiriyyaankoo_ Tokkummaan yakka dalagne hinqabnu. Waan balleessines hinqabnu. Barnoota keenya ni jaalanna, ni hordofna_ wal nama hingaafachiisu. Ragaas hinbarbaachisu. Biyyatu ragaa nuuf ba’a waan ta’eef. Garuu osoo hinjaalatiin borsaa dabtara 68 keenyaa akka nama irraa du’ee fannisne. Barnoota keenyaaf jaalleen keenya akkasumas maatii keenya irraa adda baane. As mana fincaaniifi tafkii keessatti nama osoo hinjaamiin iji hinagarreefi osoo hinduudiin gurri hindhageenye waliin teenyee dararamuurra, waa fala dhahachuu wayya jedheen garaakootti yaade. Maatiis ta’e jaalallee, barnootas ta’e fira keenya osoo hinjaalatiin addaan baanee daangaa du’aaf jireenyaa gidduu jiraachuun dirqama ta’eera. Akka ilaalcha jara kanaa hubannetti_ warra waajjira seeraa banatee dhala namaa akka harree dhaanu kana. Kana taanaan maaliif as keessatti dargaggummaan burkutoofna? Humna dargaggummaa kana fayyadamnee mana kana cabsinee baanee baduu qabna. Osoo beelliifi dhaanichi jara kanaa mogolee laaffisee akka daa’imaa harkaaf miillaan nu hindeemsisiin. Osuma cabsinee baanehoo eessa dhaqna? Nama beeknusoo hinqabnuu. Waan fedhe haa dhufu ergan mana kana keessaa ba’ee. “Kutataan fira hindhabu” jedha oromoon. Rabbi fira nuuf arguu danada’a dhugaa keenya waan beekuuf. Cabsineema baanee gara rabbi nu oofetti joorree jaawwarra, jedhee osumaan jedhuu…. dhiisuu… jedhuu…dhiisuu, jedhee yaada yeedaluu garaakootti yaadaan murteesse. Yeroo kana sa’atiin gara halkan waariitti siqaa jira. Tokkummaanis waan hirribni isa qabe miti. Taa’eema yaada mataa isaa duukaa taphata. Tokkee … nuti ilmoo dhiiraa mitii? Maal inni? Maal taaneeti akka dubartii dugdi citee osoo boonyuu, akka nama harkaaf luka hidhamee teenyee du’a eegganna. Amma kaanee foddaa kana cabsinee ba’uu qabna, jedheen gara jabinaan kan garaankoo murteeffate itti gad baase. 69 “Kan dhufe gad haa dhufu. Kana caalaa wanti nutti dhufus hinjiru. Du’a yoo ta’e malee. Du’a immoo teenyee eeggachuurra osoo kufnee kuffisnuu du’uu qabna. Ka’i inkaana” jedhee yaada murtoo yaadakoo tumsu naaf deebise_ hiriyyaankoo Tokkummaan. Nuyis akkuma dubbannee walii galle, kaanee suuta jennee foddaa jallisne. Keessa baanee qajeelle. Egaa yeroonsaa halkan waarii ture. Durumaanuu bubbuttaafi dhaanichi jaraa beelaan wal makee qaama nu butuchee jira. Xiqqoo manicha hidhaa keessaa yaanee magaalarraa akka siqneen afuurri dadhabbii haalaan nutti naqamte. Xiqqoo muka tokko jala teenyee aaragalfanne. Ammas kaanee tirachuu eegalle. Yoo lafti bari’e poolisichi roondii eegu sun mana hidhaa sana keessaa nu dhabee nu duukaa bu’uu danda’u jennee shakkine. Nuyis dadhabbii butucha reebichaafi beelli garaa qullaa guyyaa hedduu mar’ummaan walitti nu gogsee deemsa waan nu dhorkeef, tirannaa keenya dhiifnee dukkana cillimiitiin jirma Birbirsaa tokko jala ciciisne. Shakkiin nuti qabnus poolisichi waardiyyaa waajjirichaa guyyaa har’aa kun, ganama erga lafti bari’ee mana keessaa yoo nu dhabe poolisoonni kaan nu hordofuu danda’u kan jedhudha malee, halkan kana poolisichi iddoo ciisuu ka’ee nu ilaalee akka nuti jirruufi hinjirre nu hubachuu danda’a kan jedhu shakkii hinqabnu ture. Garuu dubbiin ganamuma nuyi nama nagaa jiraatu akka yakkamaa bara mootummaa abbaa irreetti harree hora didde nu goosise, nama yakkamaa lubbuu namaa ajjeesee qaama namaa hir’isuuf immoo, waraqaa eenyummaa nagaa eegaa kennee uummata miskiina keessa bobbaase sun, ammas 70 wanta nuti hineegneefi hinshakkine akka galaana sunaamii duubaan nurra yaase. Aniifi hiriyyaankoo beelaafi qorraan qaamni nu waxalamee sagaleen nu du’eera. Xiqqoo erga gad ciifnee yoo lafti bari’e garam akka deemnuufi maal akka goonu erga mari’annee booda xiqqoo walirraa callisne_ dubbiin. Rafuu barbaannee miti, baay’ee walitti dubbachuuf sagaleen nu keessatti duunaan malee. Silaa hirriba maaltu jiraa miti. Jireenya nuyi amma keessa jirruufi akkamitti jireenya suukkaneessaa kanatti akka galle duubatti deebinee yeroo yaadnu, yaadniifi gaaffiin yeroo sanaaf furmaata hinqabne baay’ee nutti hedduumate_ beela qoonqoo mar’ummaan nu guduunfuuf deemu dabalatee. Yaadni gaaffii jireenya keenyaas lafa dhihee bari’u lakkoofsaafi hammaan dabalaa adeeme. Kan kaleessa karaa kam mana kana keessaa baana jennee yaadaan of raatessaa turre, har’a yakkamaa mana hidhaa cabsee bade taanee dhimma biraan barbaadamuun keenya dhugaa keenya dhoksee miilla akka fageeffannu nu dirqisiiseera. Maal godharee, isa boruu miti, dubbiin qoonqoo ammuma iyyuu beellama marii nu dhorkate. Kaanee deemuuf mogoleen nu mudhukaa’eera. Callisnee ciisuuf poolisoonni kun dugda duubaan nu hordofuu danda’u jennee shakkine. Jidduutti yaadaan akkuma amala keenyaa joonjofne_ waan murteessinu wallaallee. Osoo kaanee luka dheereffanna jennee tattaafannuu sagaleen qawwee akka boqqolloo fandishaa xaaxa’u gurra keessa nu seene. Nuyis duraanuu shakkii waan qabnuuf bibir’annee ol kaane. Dhaabannee gurra qeensine _ kallattii sagalee baruuf. 71 “Hulaa hulaatti….. hulaa hulaatti…. Malkaa cufaa… hidhattoonni mataa maraa… yakkamtoonni mana adabaa cabsanii badaniiru” jedheeti sagaleen nama tokkoo osoo wal irraa hinkutiin iyyee iyya labse_ uummata gamaa gamasiitti. Naasuun kunis nu lamaan nama ija midhaanii osoo hinargiin guyyaa sadii buleeru, humnuma midhaanii nuuf ta’e. Osoo hinbeekiin yaa miilakoo lubbuu na oolchi jenne_ deemsa keenya itti fufne. Laga irraa lagatti qaxxaamurre. Dukkanni limixiin lafa argaa waan nu dhorkeef humnuma sodaa keenyaan akka jaldeessaa dhagaa irraa dhagaatti buune. Osuma gufuun miilla nu cirtuu tulluu Gurraachaa qaarinee deemsa karaa fagoo deemne_ hamma lafaafi biyya geenye wallaallutti. Xiqqoo tasgabboonee, gara duuba keenyaa yeroo dhaggeeffannu sagalee simbira halkaniifi waraabessaa irraa kan hafe kan ‘xas bac’ jedhu hinjiru. Mukoota qilleensaan raafaman qofatu altokko tokko walitti bu’anii nu wareersu malee. Yeroo mukti qilleensaan socho’u, garaan gad lafa ciisnee suuta jennee halaalatti ilaalla_ hamma iji arge. Qomonyoofi mukoonni gaggabaaboon biroo maasii qotee bulaa keessa dhaabatan kan nu godhan reebichi namoota uffata gurraachaa iyyuu nu hingoone. Yeroo gad jennee ilaallu ni socho’a. Kunoo jarri dhufanii mataa nu maranii jiru jennee kallattii jijjiirrannee muka irraa mukatti dabarra. Safuu dubbii lubbuuf! Ammas karaa biraa xiqqoo deemnee yeroo waa ‘xas kash’ jedhu gad jennee garaa waaqaa irratti ilaalla. Dhaabadhaa booji’amtaniittu, harka keessan ol qabaa waan jedhan seena_ qomonyoof muka gaggabaaboo fuuldura keenyaa qilleensaan raafamaa jiran. Osuma akkanaan muka qilleensaan raafamu dheessinuu lafti bari’e. Lafti bari’us gandi kun eessa akka ta’e, ganda maalii akka jedhamu wanni beeknu hinjiru. Muka wareerree waan 72 biyyaa fagaanne fakkaata. Sodaafi beelli lafaan nu maree lafti nuun garagaleera. Waliin qaaquus dhiifneerra. Osoo teenyee ija ija keessa wal ilaalluu jaarsa maanguddoo tokkotu fardeen yaasanii gara goodaa bishaan Finca’aatti oofanii dhufan. Nuyis bishaan Haroo Finca’aa ijumaan of cinaatti ilaalla malee karaa kallattii kam akka jirru hinbeeknu. Karaa Ganjii Qeexalaa haa ta’uu, karaa Qixiibaa haa ta’uu, karaa Coomman haa ta’uu, karaa Waayyuu haa ta’uu, karaa Haratoo haa ta’uu, karaa Laga Gomboo haa ta’uu, karaa Gooda Doonjee haa ta’uu wanti nuyi beeknu hinjiru. Baqaaf manaa baanee garatti baqannu iyyuu kallattiin nu harkaa badeera. Hoomaa poolisootaa nu hordofan gidduu harkumaan ofii deemnee galuu dandeenya jennees sodaanne. Of baasuufis jecha yeroo tokko tokko of nyaachisuunis waan jiru natti fakkaata. Kanaafi egaa maanguddoo faradoo yaasu kana gaafachuun furmaata filannoo hinqabne kan nutti ta’e_ lafti nuyi geenye kun eessa akka ta’e baruuf. Abbaa …. Nagaa bultanii? jedheen itti siqee harka fuudhe. “Nagaa bultanii ijoolleekoo” jedhan. Harka nu fuudhan. Fuulaafi uffata keenya dhiigaan bulbulame ilaalaniiti akka nu shakkuus, akka nu sodaachuus barbaadan. Abbaa …. Waa isin gaafanna dhiifama wajjin, jedheen biyyi kun ganda maalii jedhama? Aanaa kam keessatti argama? jedheen walfaana waan lama gaaffe. “Ganda Duunee Kaanee jedhamti. Aanaa Jimmaa Gannatii keessa. Ofii isin eessaa dhuftan? Garam deemaa jirtu? Kan karaa hinbeekne eessaa kaataniiti sa’atii kana kan as geessan?” jedhanii gaaffii irratti gaaffii dabalanii, shakkii nurraa qaban nutti ibsan. Silaa jaarsoliin uumamumaan kennaafi dandeettii dhugaa hubachuu waan qaban fakkaata. Nuyis deebii dhabne. Dhugaa jiru itti himuuf sodaanne. Dhiisuufis beelaan socho’uu dadhabneerra. Waa jennee garaa laaffifannee waliin gara mana isaaniitti gallee waa nyaachuu barbaanne.
Boqonnaa Shan
Kuluuleenis eda galgala hidhamtoonni mana hidhaa cabsanii badaniiru jechaa oduu ganamaa ollaa irraa dhageessee turte. Ganama yeroo hirribaa kaatu. Garuu warri badan jedhaman sun eenyufaa akka ta’an waan dhageesse waan hinjirreef isaantu bade jettee amanuus dhiisuus hindandeenye. Adda baafachuuf ganamaan kaatee gara waajjira poolisii deemte_ poolisicha kaleessaa gaafachuuf. Fuula lolaa imimmaan jaalalaan dhiqameen daalachooftee bifa ashaboo fakkaatteetti. Yeroo balbala waajjira poolisii geessu, poolisii tokko gaafa duraa yeroo ishiin baduu keenya beeksisaa turte biiroo hogganaa waajjirichaatti ishii argee turetti dhufte. Osuma ishiin waa hinjedhiin “intalaa.... eessa deemaa jirta?” jedhe, faara walitti gubee. “Yeroo darbe dhufee dhimma wayii himadheen ture. Maal irra akka ga’an gaafadha jedheeni” jette. Osoo dubbattee afaan ishii irraa hinfixiin, akka bakakkaa rukuteeti waajjira poolisii keessatti kaballaadhaan lafa ishii ciniinsise_ Kuluuleetiin. “Malaan karaa gurrakee haa yaa’u. Tokko sii kan dargaggoo sana akka korma abbaa warraa nurratti goobsaa jiru. Amma waan gaafattu hinqabdu. Karaakee irra bu’ii gara manakeetti 75 gali. Kanaan ala atis gatiikee argatta” jedhe_ aarii mana hidhaa keessaa baduu keenya irraa qabuun. Ishiin waan isaa wallaaltu iyyuu “mallikee mala dubartii, humnikee humna bishaanii haata’u” akkuma jedhamu, Kuluuleenis shakkuun ishii hinoolle. Aariin akkas isa raasee fuula kana fakkaatutti harka ol kaasee kaballaa itti naqsiise waa’ee ishii wajjin hidhata akka qabu hubatte. Namoonni badan jedhaman kunis anaafi Tokkummaa ta’uu akka danda’u shakkite. Yeroo kana egaa, Kuluuleen duubatti deebitee ija yaadaan ilaalteeti, gatii hanga har’aatti jaalalaaf jecha kaffalte xiinxaltee hiikkaa jaalalaa wallaalte. Ishiin gaafa anaan waadaa galfatte, gochaankoof keessikoo akka dubbii afaankoo yoo ta’e jaalala dhugaa waliin habbuuqachuu akka jalqabnu isa afaanii baastee natti dubbatte yaadatte. Jaalala dhugaa jettee kan ishiin guyyaa san afaanii baastee dubbattes, namni wal jaalate lamaan gochaan isaaf yaadni garaa isaa akka dubbii afaan isaa yoo ta’e gidiraafi gaddi jireenyaa waan nama mudatu hinseene_ gammaachuufi boqonnaa jireenyaa malee. Kanaafis natti fakkaata hiikkaa jaalalaa wallaaltee raata’uun ishii. Maal godharee kankoofi kan Kuluulee jaalalli dhugaan gaddaaf gidiraan marfame. Kuluuleenis, “yaa waaqayyoo jaalala malee jiraachuun nidanda’amaay? Yoo danda’ama ta’e erga jalqabanihoo keessaa ba’uun nidanda’amaa? Ani yaa gooftaa dhalli namaa jaalala malee akka hir’uu ta’ettan beeka. Jireenya waliin dabarsa jedheen nama hedduu ana barbaadan keessaa tokko filadhe. Jaalalas waliin jalqabee jireenyikoo gidiraafi gaddaan guutame. Jaalallee ani filadhes waan anatti balleesse irratti 76 hinagarre. Maaltu akka ta’eefi maaltu akka ta’uu qabu anaan marii’achuufis lafa inni jiruhoo lafa gidiraaf gaddaati malee lafa itti nama alaa mari’atan miti. Moo jaalala jalqabuuf eeggataa qabaachuutu gaaridha tayinnaa? Silaa yoo inni tokko gidiraaf gaddaan qabame inni tokko jireenya gammachuu yoo qabaate isa waliin turuun nidanda’ama. Kanaafi tayinnaa shamarreen bara kanaa dhiira meeqa of duuba hiriirsanii siin du’a! siin gaggaba! kan jedhan. Kun filannoo yeroo jireenya gaddaaf gidiraa tayinnaa? Kun dhugumaan filannoo taanaan dhiirri akkasiis jira tayinnaa? Yoo jiraatehoo innis gaafas sana anaan dhiisee ishii gidiraaf gadda hinqabne bira deemuu danda’a. Garuu namni nama ta’ee gidiraaf gadda malee jiraatu jiraayi? Kan gidiraaf gadda hinqabne biyya lafaa irra yoo jiraate silaa namuu nama kana barbaada ture. Garuu nam jireenya barbaadu kamuu namuma akka isaa jireenya barbaadu barbaada malee nam jireenyaafi gadda addaan ilaalee barbaaduhoo argees dhagahees hinbeeku. Kanaafuu jaalala dhugaa isa namni hundi hinqabne jaalalleekoof qabaadhee gidiraafi gadda jaalalleekoo hirmaachuunkoo iyyuu jaalalleekoof jireenya gammachuuti. Anaaf akkamitti gadda ta’a? ani nama ta’ee osoon kaayyoo jireenyaaf harka rabbiin uumamee jiruu, maaliif nama akkakoo dirqama tokko malee fedhakootiin jaaladhee jiru rakkoofi gidiraa jireenyaa keessatti dhiisee deemuuf yaadaan mala dhahaa? Gochuu hinqabu. Hamman du’ee biyyeetti makamutti jaalalleekoo biraa hindheessu” jettee osoo yaadaan yeedaltuu kaballaa ana barbaacha dhuftee gurratti fudhatte, baattattee mana ishiitiin baate_Kuluuleen.
Boqonnaa Jaha
Aniifi hiriyyaankoos, akkuma “raata’aan raatuu hindheessu” jedhamu, maanguddoo faradoo yaasaa turan kanatti haala keenya xiqqoo beeksifnee duukaa gallee gaggaba ooluun gochaaf jecha filannoo hinqabne nutti ta’e. Yoo lubbuun barfachuu barbaanneef. Nuu lachuu nama dhaanichaafi gufuuf gufaata dukkana limixii darbinee dhufnee as geenye, kunoo har’a dubbii qoonqoo darbuuf karaa hulluuqqii dhabne. Dubbiin qoonqoos, gorsa abbaakoo bara jimmaa jimmiitee yeroo nyaata asheeta boqolloo Birraa sana keessaa, laga deemsa jireenya dhala namaa daangessan keessaa “qara qaramee hindoomnetti” akka fakkeeffamu beelofnee midhaan dhabnaan hubanne. Ofii waa harkaa hinqabnu. Nama waa harkaa qabu agarree akka bira hintarre hubanne. Maaloo abbaa…. nuyi lafa kana hinbeeknu. Adaraa keessan nu gargaaraa jenne. “Maal taatan? Maal akkan isin gargaaru barbaaddu?” jedhan_ maanguddoon faradoo yaasaa turan sun. Akkan fuulaafi dubbii isaanii irraa hubadhetti haalli keenya waan isaan gaddisiise natti fakkaata, osuma garaan isaanii maalummaa keenya shakkaa jiruu. Elaa… maal seetan abbaa … nuyi barattoota mana barumsaa olaanaa Shaambuuti. Garuu amma dhimma barachuuf barachuu dhiisuu osoo hintaane, dhimma du’uuf jiraachuutu 78 mormatti nu hudhee jira. Kanaaf ammallee akka nu gargaartan adaraa isin jenna jenne. “Maalinni waansaa? Maaliif barnoota dhiistanii asii deemaa jirturee?” jedhan. Asii barataadha ofjechaa, achiin immoo gargaarsa daangaa du’aaf jireenyaa gidduutii nama baasu gaafachaa itti siquun keenya, maanguddoon faradoo yaasan kun waa’ee maalummaa keenyaa hubachuuf akka isaan rakku taasise. “Mee amma isin barataa erga taatanii maal hojjechuu Shaambuu baatanii haga kana dhuftaniree?” jedhan. Osoo isa duraaf hindeebisiin gaaffii irratti gaaffii nuuf dabalani. Nuyis gaaffii isaaniif hamma ta’e deebisuu yaalle. Nuyi barattoota mana kiraayii teenyee barachaa jirrudha. Garuu akkuma tasaa ta’ee poolisoonni magaalaa daandii irraa nu qabanii mana hidhaatti waan nu galchaniif, mana hidhaa keessaa baanee baduutti jirra. Poolisoonni sun immoo duubaan nu hordofuutti jiru. Erga mana hidhaa seennees ija midhaanii agarree hinbeeknu. Beeluun mogolee nu buusteetti. Gara mana keessaniitti nu geessaa waan nyaatamu nuuf kennaa jenne. “Garuu maal goonaan isin hidhani poolisoonni?” jedhan. Waan nuyi baay’ee ibsuu hinbarbaanne nu gaafatan. Ibsuufis waan hubannoo hedduu qabnu natti hinfakkaatu_ waa’ee sababa hidhamuu keenyaa. Jechuma poolisichi nu qabe sun nuun jedhe sana nuyis deebisnee jaarsatti himne. “Gowwaa altakka arrabsi isaa booda innuu of arrabsa” akkuma jedhamu. Barattoota qindeessanii warra mana barumsaa jeequuf jiranidha jedhanii nu hidhan jenne. 79 “Boo! ijoolleekoo … isinittihoo hinhafne. Bara durii yeroo mootichi Haayilasillaasee biyya bitaa turellee barataan waan hingoone hinqabu. Seenaa Itoophiyaa keessattillee warra gurmaa’anii jijjiirama fidan keessaa, sochiin fincila qotee bultootaaf barattootaa adda duree ture. Maal godhuu miti, jijjiiramicha seenaa barreeffamumaan yoo waraqaa irra taa’eera ta’e malee sabni Oromoo waan jireenyaan arge miti. Waan nuyi yeroo sana itti cichinee mormine, ittuu itti caale jabana kanoo. Akka durii yoo ta’uudhaa baatellee haala isaa jijjiirrate malee inni ammaa isa afaan nama ukkaamsu ta’e. Keessumaa immoo nama baratee bor bakka guddaa ga’uufi nama har’a baratee beekumsaan bakka guddaa jiru adamsanii galaafachuun dubbii araada amaleeffatamee hindhiifamne ta’eera. Ijoolleekoo…. waraanaan osoo taate gaafa goodaa Imbaaboo, gaafa Oromoon fardaaf gaachanaan duulee dhiiga nyaphaan afaan lulluuqqatee, miilla itti dhiqatee biyya bilisa baase, barumaanuu barri alagaan bulan dhufti jedhee kan yaade hinturre. Maal kana qofaa, achii gurmuun fincila diddaa garbummaa Baalee irraan kaate qawwee Shulkutiifi Filibeeriin xiyyaara nafxanyaa samii irraa gad harcaaste. Teessoo jeneraalaafi koloneelaa_Helikoopteriif Jeettii, goodaa hurufa oolmaa loonii keessatti akka baala harbuu harcaasee, teessoo iddoo tapha tikee loonii taasise. Harargeen meencaaf eeboo guuree yaa’e, gaafa Calii Calanqoo hanga akka qamadiif ingirdaadaa calalee addaan qoodutti duubatti biraa hindachaane. Arsiinis gaafa ijibbaata Aannolee, osoo harkiif harmi muramuu diina oofee laga ceesise. Oromoon bilisummaa isaa gonfachuuf takkaa rafee bulee hinbeeku. Asuma gama kanattillee kunoo Abiishee Garbaa osoo quba nyaatuu tulluu Kokor irraa konkolaate. Diinni Qotiyyoodhaan lafarra harkiftee biyyaa baafte. Gootni bilisummaa Oromoof jecha aarsaa lubbuu kenne kun har’a lafa itti reeffi isaa 80 awwaalamerree hinbeekamu. Qaaniin gabrummaa kana caalu jiraare ijoolleeko? Inni baratee biyyaaf bu’aa ta’a jennee eegaa turres kunoo ollaa kanaa ilmi Obbo Garbaa_ Alamaayyoo kan jedhamu tokko, digirii isaa dura reeffa isaatu dhufe. Biyya bilisa baate ofumaa deebisanii harkatti kennani” jedhan_ maanguddoon faradoo yaasan kun. Eenyutu biyya dabarsee harka diinaatti akka kenne garuu anaaf hingalle. Seenaa sochii fincila diddaa gabrummaa bara sanaa keessatti jaarsi ga’ee ofii gumaachuurratti waan gaabbii qaban natti hinfakkaatu. Dhimmi ga’ee ofii ba’uu sochii fincila diddaa gabrummaa kunis eenyu bira ga’ee akka inni laamsha’e anaaf hedduu ifa hintaane. Dubbii maanguddoon kun yeroo xiqqoof dubbatan kun ribuu nu seenee hirbuu nu keessa kaa’e. “Amma ka’aa gara manaatti yaana ijoolleekoo” jedhan. Nuyis kaanee duukaa buune. “Dubbiin nama keenyaa waan harka rabbiin qabamten se’a. Hamma harka rabbii lakkifamtutti isa qabame dhiisaatii isa hinqabamne barnoota keessan baradhaa” jedhan. Hireen keenya harka Waaqaatti haaqabamtuu yookaan harka namaatti haarakkattuu, aniif hiriyyaankoo keessaa tokko filachuu hindandeenye. Garuu amantaa rabbi hiree ofii manatti namaaf fiduu danda’a jedhu hinqabnu. Hiree ofii harka galfachuun aarsaa akka gaafattu nu lachuu beekna. Akka yaada maanguddoo kanaa hubannetti barattoonni sochii fincila diddaa gabrummaaf jecha olii gad kan kaataa jiran jedhanii waan fudhatan fakkaata. Maanguddoon kunis osuma takka nuuf seenessanii, altakka takka immoo osuma nu gorsanii mana isaanii biraan baane_ faradoota goodaa qarqara bishaan Haroo Finca’aatti dhiisnee. 81 Yeroo balbala mana maanguddoo kanaa geenyu dallaan isaanii qe’ee ‘Abbaa Oofaa’ fakkaata. Ganna yeroo lafti hunduu magariisaan uwwifamu miti, bona qaamuu walakkaa, yeroo wanti hundi gogullee dallaa isaanii jala handaaqqoon hulluuquu hindandeessu. Qe’ee nama guddaa isa balballiif boroon ulfina qabudha. Maanguddoon kunis fuuldura keenya bu’anii balbala dallaa mana isaanii bananii olseenan. “Ijoolleekoo….. kottaa olseenaa” jedhan. Nuyis duukaa isaanii olseenne. Erga manatti olseennee, balbaluma manaa irra teessuma dalgee xiqqoo tokko irra gad teenye. “Maal taatan ijoolle…. teessuma daa’imaa irra teessuu? Ka’aa oldarbaa” jedhan. Lakkisaa…. nuuf ta’eera. Ulfaadhaa jennee didne_ bakka teenyee ka’uu. “Ayyaana abbaakootii! maal kan afaan balbalaa irra teessan. Ka’aa malee…” jedhaniiti harka qabanii nu kaasan. Oldabarsaniis gararraa teessuma manaa nu teessisan. “Haadha Margaa…. haadha Margaawoo…” jechaa gara golaatti olseenan. “Ooko, abbaa Margaa …… na waamtanmoo?” jedhan jaartiin gola keessaa. “Eeyyee si waamaan jira. Mee as ba’i” jedhan. Jaartii maanguddoon yeroo dinqa keessaa as ba’an harka mirgaa isaanii of fuulduratti qabatanii dhufan. “Mee ijoollee kanaaf waan ciniinan kenni” jedhan. “Tole! tole!” jedhaniiti nutti siqanii nagaa nu gaafatan. Jaartiinis dulloomanii iji diduu jalqabdeetti. 82 “Kukummaan kun kan eenyuuti?” jedhan. Nulaalanii waan nu hubachuu dadhabaniif. “As ijoollee Shaambuuti” jedhan_ maanguddoon abbaa manaa. Jaartii maanguddoon haati manaa kun yeroo jaarsi maanguddoon abbaa manaa faradoo yaasuu deeman, duuba ka’anii ciree hojjechuu jalqabaniiru. Haati manaa kunis bixxillee bixxilanii ho’aa isaatti osoo dhadhaa irra dibaa jiraniiti, kan gidduutti jaarsi waamee golaa gad baase. Harki jaartiis namuma gaagurtee damma baasaa jiru fakkaata_ dhadhaan harka irraa gara ciqileetti yaa’aa jiru. Kanaafi harka isaanii fuulduratti qabatanii kan gad nutti ba’an. Nuyis yeroo dhadhaa harka irraa cophu agarru afaan keessi nu dafqe. Harka irraa arraabuu malee kan nu hafe hinjiru. Jaarsi maanguddoonis gola keessaa duubatti as deebi’aniiti intala mana isaanii teessu tokko waamani. “Giddumee…. Giddumee.. mee kottumee. Hamma haati Margaa ijoollee kanaaf waa hojjettutti godoo keessaa jabbii booqee gad baasii, mee aannan elemiifii” jedhan. Erga mana sana seennee gochaan ta’aa jirus, dubbiin dubbatamaa jirus nuu nama beelaan waxalameeru dharraadhaan baay’ee nu gomjaasise. Osuma baay’ee hinturiin bixxilleen dhadhaan irra dibamee jaarsa maanguddoo abbaa manaaf qophaa’e, aannan booqee waliin okolee isa guuboo midhaanii fakkaatutti nu jala taa’e. “Ijoolleekoo…. jedhaa egaa… ishii kana ciniinaa. Aannanis itti unadhaa” jedhan. “Uleen harkakee malli garaakee” akkuma jedhamu, silaa namni beela’e quufa hinse’u, namni quufes beela’a hinse’u, anaafi hiriyyaankoo_ Tokkummaanis harka bitaan bixxillee 83 dhadhaa dhuge baxarraqaa harka mirgaan aannan booqee habbuuqne. Jaarsi maanguddoon nu fudhatanii galan kunis haalli nyaata keenyaa waan isaan ajaa’ibe natti fakkaata, harka isaanii areeda isaanii jala godhatanii callisaniituma hubatanii nulaalu. Yeroo nuti akkuma nama abidda dhaamsaa oolee, bixxillee maxax goonee afaan haxaawwannee teenyu, “maaloo haadha Margaa bixxilleenkee hinhafnee? Ijoolleenoo dhumaniiruu” jedhan. “Anaan biyyeen haanyaatu. Anoo akka ati nama qabdu hinbeekne. Kunoo waanan suma qofaaf hojjedhedha. Mee xiqqoo ishii naaf obsaa nan bixxilaafii” jedhaniiti gola keessaa as nutti ba’an. Dhugaa Waaqaa lafaati. Nuyi akka kanaatti erga dhalannee iyyuu quufnee nyaannee hinbeeknu. Waaqayyo isin haa eebbisu. Quufaa! Sooromaa! Waan laattaniif waan nyaattan hindhabiinaa! jenne. Beelofneema ijaa nyaanneef jenne malee garaagartummaan beela’uuf quufuu iyyuu maal akka ta’e beekuuf guyyaan itti beela hamaa shaakalle hinturre, seenaa jireenya keenyaa darbe keessatti. “Erga quuftaniittu ta’ewoo gaariidha. Amma xiqqoo asuma balbala kana taa’aa boqodhaa. As gajjallaa kana bu’een midhaan tokko ilaaleen deebi’a” jedheeti maanguddoon ciree isaaf qophaa’e dabarsee nuuf kenne, osoo homaa hin nyaatiin dallaa mana isaa keessaa ba’ee qajeele. Lafa maasii midhaanii isa kan akka abbaakoo jaldeessiif booyyeen itti hammaattu waan qaban se’a.
Boqonnaa Torba
Kuluuleenis, erga gaafa nubarbaacha waajjira poolisii deemtee kaballaa fudhattee, yaadaan boqottee raftee bultee hinbeektu. Ganamaa galgala yaada yeedaluun hojii idlee imaanaa jaalalli ishiitti kenne ta’e. Asiin baastus achiin buustus iddoo nuyi geenye baruun abjuu hiikuu ishiitti ta’e. Jiraaf du’aa keenyas wanni quba qabdu tokkollee hinjiru. Waan gootu gaafa dhabdu, osuma dubbiin jaalalaa hirriba keessaa dammaqsee ishiitti hasaasuu, barnoota ishii itti fufte. Maqumaaf akka barnoota addaan kutteetti hinjedhamneef ooltee galti malee, seera qabeessaan barsiisaa hordofuufi barruulee qayyabachuu dhiisteetti. Barattoonni hiriyyummaa keenya beekanis bulee ka’ee lafa dhihee barii’u, dhaabiif taa’ii ishii dhorkataniiru. “Hiriyyaankee Jaawwaraan maaliif barnoota dhiise?” jedhanii yeroo maraa madaa garaa ishii keessaa tuttuqu. Silaa nami hedduun jaalala nulachuu waliif qabnu waan hubatan se’a, kan ija qobummaan ishii ilaalee gaaffii hiriyyaa jaalalaa ishiif dhiheesses hinturre. Dubartii heerumtee abbaan manaa irraa du’e taate, dhalattuun kaayyoo jireenyaaf cichitu osoo jaalala hiriyyaa ganamaa unattee hinquufiin. Ishiinis baastee hindubbattu. Namnis ishii gaafachuu hindhiisu_ waa’ee barnoota addaan kutuukoo. Ofumaa osoo dhoksattee garaatti gubattuu inni keessaa alatti ba’uu jalqabe. Fuulli ishii dur 85 burtukaana bilchaate fakkaatu suutuma suutaan sibiila biyyee keessa awwaalame fakkaachaa dhufe. Kana cinaan immoo kan dur dhiqqaa naqabaa jettee, meeqa of dibdee, of miidhagsitee dhuftu, guyyaadhaa guyyaatti akka nama ofirraa bahee of gataa dhufte. Duraanuu firakoos ta’e hiriyyaakoo kan ishiin beektu yoo jiraate Tokkummaaf Kifilee qofaadha. Kanaafuu nama ishiin gaafattee oduu waa’ee keenyaa irraa dhagahuu dandeessu tokkollee hinjiru. Nama itti himattee waliin nu barbaaddus hinqabdu. Carraa ishiin itti hafte ganamaa galgala waaqayyotti imimmaan ishii dhangalaasuu qofaadha. Ta’us carraa hedduu jiru keessaa hunduu cufaa fakkaatee kan waaqa wajjinii yoo baname waan cufame hunduu akka banamuu danda’u ifaadha_ nama waaqaan beekuuf. Kuluuleenis kan amantaa akkanaa qabdu natti fakkaata.
Boqonnaa Saddeet
Aniifi hiriyyaankoo Tokkummaanis, erga bixxillee xaafii dhadhaa dhuge aannaniin unannee, mar’ummaan keenya ka’uu jalqabeera. Jaarsi maanguddoon afaan nama bineensaa keessaa nu baasanii gaggaba nu oolchan, har’as haga dubbiin walii baramtutti akka nuyi gola mana isaanii keessaa hinbaane nu akeekkachiisaniiru. Akkuma amala isaanii takka loon, takka fardeen, takka jabbilee maqaa dhahatanii dachaa goodaa Finca’aaf mana isaanii gidduu marmaaru. Kan gidduu kanaa garuu fardeeniifi loon qofa miti, kan maanguddoo sagal gad baasee oldeebisu. Namoota nuun hordofaa jiranis halaalatti eeguun hojii dabalataa, dirqama dhiigni oromummaa itti kenne ta’eera. Guyyaa tokko garuu akeekkachiisa jaarsaa cinaatti dhiisnee, dhokannee gara dachaa fardeeniitti yaane. Golatti waan dhokannaa poolisootaan ukkaamamneef qilleensa fudhannee xiqqoo boqochuu barbaanne. Dubbiinis waan irraanfatamaa dhufe nutti fakkaate. Ijoollummaa hubannaa sochii fincila diddaa gabrummaa waan qabnu natti fakkaata, dubbii kaleessa lubbuu nu keessaa baasuuf mormatti hudhee nu qabe sana, akkamitti dheessinee akka jalaa baane dagannee, har’a mana dhadhaaf aannan walitti unatan dhiisnee gara bakkeetti yaane_ akka nama bilisummaa qabuu qilleensa unachuuf. 87 Jaarsi maanguddoon kunis akkuma amala isaanii faradoo isaanii galchuuf jecha gara dachaatti dhufan. Dachaa fardeenii kana cinaatti yeroo nu arganis hedduu rifatani. “Maal ijoolleekoo….. maal taatanii bakkeetti baatan?” jedhan. Nutoo qilleensuma fudhanna jennee gad dachaa kanatti dhufne. Namuu nun agarre jenne. “Lakkisaa ijoolleekoo…. Nuyi nama hinagarre jedhaa malee namni nu hinagarre hinjedhiinaa. Bara kana jireenyi galagalchoo ta’ee akka nama rakkise isin hinhubannee? Hiriyyaan icciitii qilleensa ta’eera. Kan nuyi erga dhalannee abbootii keenyarraa dhageenyees, agarrees hinbeekne kunoo ta’ii jireenyaa bara kanaa hinagartanii? Kan hinmul’annetu argama, waan hindubbatamnetu dhagahama, qulqulluutu yakkama, yakkamaatu muudama, jaalalleetu wal wallaala, seenaatu hatama, barataa budooma, bineensa firooma, finnatu alagooma, kormatu sangooma, kaayyootu seenaa diiga, seenaatu kaayyoo ijaara, ijatu dhiiga boo’a, dhiigatu aannan rooba, mirgatu sarbama, mijuutu darbama, biyya gurgurama, sabatu uggurama, eelaatu olkaa’ama, aadaatu qeeqama, shiratu beekama, sareetu dheekkama, egereetu wallaalama, ekeraatu fuudha, seexanatu heeruma, reeffa cidha sirba, dureessa wayyaa erba, harreetu dhiqata, garbittii dibata, leencatu baqata, lugnatu ari’ata, dargaggoo kadhata, karaatu nama nyaata, qoraattiitu nama baasa, aannantu garaa nama kaasa, eebichatu dheebuu nama baasa, eenyummaatu halluu ta’a, abbaa biyyaa baqata, harreetu iddoo qabata, hoolaatu qonnaa qota, jaldeessatu aramata. Maal jedheen maal dhiisa waa’ee jireenya fuggisoo bara keessanii kana? Dargaggoon jabana kanaa silaa duubaaf fuuldura isaa 88 ilaaluun hinjiru. Kanaafuu amma ka’aa daddafaa gara manaatti deebi’aa. Jarri keessan kun duubaan isinirra yaa’anii, anaanillee qe’eekoof maqaakoo xureessuu danda’u” jedhan. Nama bilisummaa hinqabneef qilleensi gabaa bittaaf gurgurtaa hinbarbaanne illee hagas qaalii akka ta’e homaa nuuf hingalle ture. Jireenyi bara keenyaas akkana akka mataan miila ta’e waan hubanne miti. Mul’istuu bara keenyaa maanguddoon kun miira ho’aan nuuf tarreessanis akka of bir’annus, akka of ilaallus nu taasise. Nuyis tole jennee jaarsa maanguddoo waliin gara manaatti qajeelle. Yeroon isaas aduu dhiha sa’atii galchaa looniiti. Osuma fagoo hindeemiin dargaggoo ta’e tokkotu borsaa wa’ii rarraafatee daandii irraa ‘luf’ jedhee nutti ba’e. Nuyis naannoo kanaa namni nu beeku jira jennee hinshakkine. Hinsodaannes. Fira keessummaa fakkaachuuf yaalle. Garuu dargaggoon borsaa rarraafatee deemu kun akka nu bira ga’een callisee nu bira hindabarre. ‘Gem’ jedhee dhaabate. Xiqqoo ijaajjee nulaaleeti borsaa isaa ofirraa lafatti gad darbe. “Ijakootu na sobamoo ati Jaawwaraadha?” jedhe. Ofirra garagalee yeroon isa mil’adhu, akkuma weennii mukarraa, utaalee mormatti na marme. “Maaltummoo biyya kana si fide haadhookoo? Lubbuun numa jirtaa garuu?” jedhe. Eeyyee nan jira. Galata rabbii haata’u yoona ga’eera. Ofii ati akkami? Nagaa qabdaa? Barnootakee jabaattee hordofaa jirtaa? Akkami barattoonni daree keenyaa hunduu nagaadha mitii? jedheen anis morma isaatti marme. Dargaggoon kunis hiriyyaakoo daree barnootaa dubbiin buddeenaa walitti nu 89 fidee, dubbiin hiree fuggisoo si’anaa gargar nu yaase_ Kifilee Zamanuu ture. Anarraa utaaleeti ammas Tokkummaatti marme. “Jarana isin lachuu kan barnoota addaan kuttan maaliifi? Hiriyyaa jechuun ammanumaa Jaawwaraa?” jedhe. Dallansuu sababa barnoota addaan kutuukoo duraan dabarsee itti himuu dhiisuukoo fakkaata_ komeen inni dubbii dhukaan natti darbatu. “Garuu maal taatani?” jedhe, ammas dabalee. Haala uffata keenyaafi cululuqa fuula keenyaa kan dur beeku waliin kan inni amma argaa jiru hedduu waan itti jijjiirameef, ifatti nu gaafachuu waan qaanfate fakkaata. Osoo hinbeekiinis miilaa hamma mataatti nalaaleeti imimmaan lolaase_ Kifileen. “Kan nyaate nama hin nyaatu” isa jedhamu sanan se’a waan lafa oromiyaa irratti dhalatee guddateef. Moo kan nu nyaatee nu fixe iyyuu isaanii? Namni amala sanyii isaamoo, amala maatii keessatti guddateemoo, amala naannoo keessatti guddatee dhuunfata gaaffii jedhuuf garu yerootu deebii laata. “Jaawwee maali garuu…. anaanillee dhiisi, hiriyyaakee Kuluulee illee rabbumaaf jecha nagaa itti yoo dhaamte maal qaba? Ilmoo dhiiraa taatee, ilmoo namaa ishii hanqaaquu fakkaattu jaalalaan sakaaltee saree qamalee nyaatte fakkeessitaa?” jedhe. Waan ani of sobee of sossobee, aduu dhiisisee bariisisaa jiru garaatii na kaase. Keessikoo waadamee waxalamee, affeelameera. Ta’us ani akka duraanii miira ho’aan bo’ee harquu dhiiseera. Yoon bo’es garaakoottin bo’a. Garaa jaalalaatu ana keessatti jabaate miti, hirbuufi booree ta’ii 90 gocha badii maleen na uggure falmatutu na keessatti saqqii jabeeffate malee. Inni homaa miti Kifilee…. Yookaan hireekootu kana, yookaan immoo hiree ishiitu kana. Yookiis immoo hiree jaalalaatu kana ta’uu danda’a. Waan hundaafuu ati amma eessaa garamitti deemaa jirta? jedheen isatti deebise. “Anoo Shaamburraan dhufaa jira. Gara maatiikoottan galaa jira” jedhe. Edaa manni maatiikeetii asiinii? jedhee osoo ani afaanii hinfudhatiin…… “Manni keenya kunoo qorqoorroo dallaa baargamoo tutaa sana keessaati. Hinargituu? Mana obbo Saaqqataafaa bukkeedha” jedhe. Obbo Saaqqataa jechuun jaarsa maanguddoo nu cinaa dhaabataa jiranidha. Maanguddoo dhadhaaf aannaniin nu simatan kanas qabatuma Kifileetiin maqaa isaanii barre malee, nuyis gaafannee hinbeeknu, isaanis nutti himanii hinbeekan. Waan darbe kaasnees dubbii baay’ee waliin haasofne_ Kifilee waliin. Osuma haasa’aa yaanuu mana obbo Saaqqataa biraan baane. “Obbo Saaqqataa…. Ijoolleen kun fira keessaniiy?” jedhe_ Kifileen. Obbo Saaqqataniis firakooti jechuufis, lakki firakoo miti jechuufis, waan jecha dhaban fakkaatu. Akka of wareeruu ta’aniiti, “ii…..iiii…. maal jette Kifilee?” jedhan. Akka nama hindhageenyee godhatani, osoo dhagahanii. Osoo Kifileen gaaffii isaa irra hindeebi’iin, “chee…chee….. bulloo…” jedhanii gara fardeeniitti nurraa siqan. Baqa deebii gaaffii dubbii Kifileef malee fardeen oofuuf waan nurraa siqan 91 hinsee’u. Kifileenis irra deebi’ee hingaafanne. Nuyis kun akkana, sun akkasi hinjenne. Waa’ee obbo Saaqqataa dhiifnee, waa’ee keenya wal harkaa fuunee oduu xaaxessine. “Mee jedhaa…. mana seenee mi’akoo olkeeyyadheen dhufa” jedhe_ Kifileen. Obbo Saaqqataanis “ijoolleekoo kottaa olseenaa. Ilma mammiree Zamanuu kana waliin eessatti wal beektu?” jedhan. Waliin baranna ture. Osoo nuyi barnoota addaan hinkutiin dura daree keessatti walcinaa teenya ture jedheen dhugaa jiru itti hime. Kan anaafi Kifilee wal barsiises kanarra darbee hinturre, erga walbarree yoo jiraatellee. Osoo nuyi jaarsa maanguddoo beelaafi afaan du’aa keessaa nubaase_ obbo Saaqqataa, waliin odeessaa jirruu Kifileen ‘tuf’ jedhee nu biraan ba’e. Obbo Saaqqataanis hubataa jaarsaa waan turaniif, ganaa haala deemsa jireenyaa nuyi keessa dabarre waan baay’ee nu gaafachuuf kan qophaa’an fakkaatu. Jaarsi nama bilchinaafi cimina namaa fonqolchanii keessaaf alaan madaaluu danda’anidha. Haalli amma jiru garuu isaaniif mijataa hintaane, waa hunda nu gaafachuuf. Kifileenis hedduu afuura nu kute. “Amma ka’aa na duukaa bu’aa. Ana waliin galtan malee du’een argama” jedhe. Waan garaa jaalalaan nuuf oo’en se’a. Obbo Saaqqataanis homaa hindubbanne. Callisaniituma haala hiriyyaa keenyaa kana waan taajjabaa jiran fakkaatu. Lakkisaa…… duukaa hingaliinaa jechuufis egeree dubbii kanaa hinbeekani. Deemaa….. dhaqaa waliin galaa jechuufis, duuba dhaqanii deebisanii nu fiduufis yookaan achuma mana mammiree Zamanuutti nu dhiisuufis karaan ifaa ta’ee tokko 92 filachiisu sammuutti isaan hindhufne. Waan fedhes ta’u akkuma wawwaate mana mammiree Zamanuutti nu fudhatee gale_ Kifileen. Yeroo faana Kifilee buunee manatti olseennu, maanguddoo uffata gurraacha dheeraa, mataa hanga miilaa ofitti naqe tokkotu qoobii mataa irra kaawwatee taa’a. “Olseenaa! Nooraa!” jedhee bakka taa’uu olka’e. Taa’aa…. Taa’aa… jennee, nafa nafa suksuknee nagaa gaafachuuf jecha mataa gadi qabannee harka lamaan itti hiixanne. Harka nutti hiixachuu dhiiseeti, dhuka isaa keessa harka galchee fannoo mormatti rarraafateeru, isa amma waanjoo ga’u gad baasee nutti qabe. Anas ta’e hiriyyaankoo_ Tokkummaan erga dhalannee haga har’aatti waan akkasii nu qunnamee hinbeeku. Garuu yeroo tokko tokko, yeroo barataa turre karaa bataskaana madaanaalamii Shaambuu si’a deemaa turre, namoonni tokko tokko uffata balee adii bitaaf mirgatti oolbatanii gaafa qeesota dubbisan akka fannoo dhungatan ijaan agarree beekna. Ta’us fannoon kallattii afur qaba. Kallattii kamtu dura dhungatama, isa kamtu lammaffaatti dhungatama, isa kamtu sadaffaatti dhungatama kan jedhu wanni beeknu tokkollee hinjiru. Durumaanuu yeroon manatti olseenee nama uffata gurraachaa argu, kan manaa nu baasee nu joonjessaa jiru, gochaan poolisoota uffata gurraachaa waan sammuu keessatti na bocamee jiruuf, naasuun na keessa ka’ee ture. Anis naasuu kanaan wal makee akkan ta’es hinbeeku. Fannoo harkatti qabeen calliseenuma gadi gombifameen si’a sadii dhungoo fannoo keessaa fuudhe. 93 Hiriyyaankoo Tokkummaanis osuma ofirratti rom’uu fannoo dhuka jaarsaa keessatti leelee dammaa fakkaate itti culuullatee dhungate. Waan jaalala guddaa itti agarsiisu fakkaata, nama hubatee ilaaleef. Namni waan argee hinbeekne jaalataa gaaffii jedhuuf garuu anii deebii hinqabu. Abbaan hiriyyaakoo mammiree Zamanuunis baay’ee ajaa’ibsiifate. “Ijoolleen kiristaana ta’anii fannoo dhungachuu hinbeekne, kan qeesii harkaan dubbisuuf itti fiigan kun eessaa ba’aniiru” jedhee ofitti odeessa. “Akkami isin kiristaana mitii?” jedhe. Lakkisaa……. nuyi Oromoodha jenne. “Ihii…… ihiii…… kiristaanamoo musliima isin jechuukooti malee gosa keessan isin hingaafanne” jedhe. Garaa isaa keessatti maal ijoolleen joonjoftuun kun, kan gosaaf saba adda baastee hinbeekne jedhee waan ofitti hasaasu fakkaata. Akka yaada isaattis erga kiristaana yookaan musliima ta’anii dhalatanii waan gosa ofii filatanii ta’an se’a. Nuyis waan deebisnu wallaalle. Eenyummaa keenya beeknu kan rabbi nuuf kenne dhiifnee, eenyummaa mammireen nuuf kennan kanaan of ibsuu eegalle. Garuu addunyaa kanarra kiristaanaaf musliimaa ala sabni hinjiru jechuudhaa? Kiristaana jechuun nama saba musliimaa hintaane jechuudhaa? Moo warra fannoo mormatti rarraafatan yookaan warra fannoo dhungatan qofaadha? Kiristaana keessa musliimni jiraay? Musliima keessahoo namni kiristaanni jiraay? Musliimas ta’e kiristaana, tahanii dhalatumoo dhalatanii tahuu? Wanni kun hidda dhiigaa waliin kan walqunnamtu yoo taate tokko ta’uuf furmaanni isaa tokko. Innis rabbiin kadhachuu qofa. Namni amalaafi 94 akeeka isaa malee dhiiga isaa jijjiirachuuf ga’ees ta’e hiree waan qabu natti hinfakkaatu. Yoo erga dhalatanii kan argatan taate garuu madda garaagarummaa ta’uu hinqabdu. Namuu irratti waliigalee furmaata soquu qaba jedheen anis mudannoo haaraa har’a na qunname waliin yaadaan ofitti hasaase. Wanni hunduu, gaafachuunis, gaafatamuunis darbee mana Mammiree Zamanuutti nyaanni nuuf dhiyaate. In nyaannes. Jaarsi mammireenis nu waliin taphachuuf keessi isaa waan eeyyameefii natti hinfakkaatu. Akkuma nyaata nyaatee ka’een harka isaa dhiqatee gara gola ciisicha isaatti darbe. Hiriyyaankoo_ Kifileen garuu nu waliin taphatees, odeessees quufuu dadhabe. Mana jala siree teephaa tokkorra ciisnee, halkan guutuu sadii taanee akka odeessinutti bulle. Asiin haasaan haasaa fidee, achiin oduun oduu fixee, akkamitti akka barnoota keenya addaan kunnes itti himne. Icciitii jiru hundaa gad itti jigsine. Kifileenis abaluu isaanii wallaaluyyuu, namoonni lama waajjira poolisii keessaa mana hidhaa cabsanii akka lafa buuteen isaanii dhibame gurra isa buteera. Garuu gaaftokkollee Jaawwaraaf Tokkummaadha jedhee yaadees, shakkees hinbeeku. Yeroo lafti bari’u, mammiree Zamanuun sursuraan ka’anii, balbala taa’anii macaafa bicuu tokko kan afaan Gi’iiziin barreeffamte dubbisu. Si’a nuyi waa’ee poolisoota duubaan nu hordofaa jiranii oduutiin laaqnee bukeessinu, jaarsi mammireen nu cinaa taa’ee gurra qensa. Oduu keenyas dhugee quufeera. “Lekkaa….. ijoolleen kun dubbii barattoota bara Atse Haayilasillaasee natti fiddee lafa keenya dabarsitee 95 garbootaaf kennuuf deemaa jirtudhaa laata?” jedhe. Isa yeroo bara mooticha Haayilasillaasee, habashaa abbaa lafaa jedhanii, oromoo hedduu hojjechiifataa turan waan hawwe fakkaata_ mammiree Zamanuun.