text
stringlengths
0
196k
Yaada dhala namaa kam iyyuu irra deddebiin yaaduu Kenya dura, waa’ee
umama dhala namaa yaaduun barbaachisaa dha. Uumama dhala namaa
beekuun gama tokkoon waan isa barbaachisu (fedhii) fi waan inni barbaadu
(hawwii) beeknee galmaan ga'uuf, gama biraatiin immoo, dandeettii isaa
hubatee dandeettii qabu kana guutumaan guutuutti akka itti fayyadamu
haalota isa dandeessisan hubachuuf nama fayyada. Kanaaf, utuu yaada
bu'uura ida'amutti hin seenin dura, waa'ee fedhii fi dandeettii dhalli
namaa uumamaan qabu xiinxalla.
Feedhiin dhala namaa irra caalaan amala idil-addunyaa kan qabu
yommuu ta'u, hawwiin dhala namaa garuu haala jireenya isaa waliin bifa
wal-madaalaa ta'een garaagarummaa qaba. Daa'imman Afriikaa
hedduun waan dhandhamanii fi nyaatanii mar'imaanitti isaan cobu kan
eeggatan, waan fedhiin soorachuu isaanii hin guutamneefi dha. Ilmaan
hiyyeessaa Afriikaa ta'uun isaanii iyya mar'imaan isaanii gab hin
jechisiisu. Beelli "ijaan wanta nyaatamu hin qabneef adabadhee gad
taa'uun qaba," dhimma jedhamu miti. Beelli isaan hin raffisu. Wanta
dhandhaman dhabuun, akka ashaangulliitii karaarratti hawwan sana
dhabuu miti. Nama ta'uu keenyaan fedhiiwwan . miirota keenyaa
hanqachuun yookiin hir'achuun keessa keenyaa nutti watwaatu.
Hanqinoota kana ifatti beekuus beekuu dhiisuus ni dandeenya. Haa ta'u
malee, hanqinoota kana guutuuf dhama'uun keenya kan hin oolle.
Fedhiiwwan dhala namaa kan hoogganu, dhiibbaa fi sodaa jiraachuu ofii
mirkaneeffachuurraa madde dha. Fedhii jiraachuu ofii mirkaneeffachuu
"fedhii kallattii" fi "fedhii al-kallattii" jechuun kutaalee bu'uuraa lamatti
qoodnee ilaaluu ni dandeenya.
"Fedhiin kallattii" fedhii jiraachuu keenya karaa ifaafii dhihoo ta'een
balaaf saaxilu irraa of baraaruuti. Kana jechuunis, dhalli namaa jiraachuu
isaanii kallattiidhaan wantoonni qoran, kanneen akka ajjeechaa,
waraana, beelaa fi deega yookiin fedhii miidhaa bifa kamiinuu irratti
taasifamu irraa of-baraaruu fi lubbuun turuu dha. Fedhiin kun fedhii
sadarkaa dhuunfaattis ta'e sadarkaa hawaasaattis jiru dha. Akka
dhuunfaatti, namootni miidhaa of-irraa ittisanii lubbuun turuu ni fedhu.
Haaluma wal-fakkaatuun, akka hawaasaattis, lammiileen ofii fi
biyyasaanii haleellaa fi weerara biyya alaarraa baraaruun jireenya isaanii
itti fufsiisuu ni fedhu. Ofii fi biyyaa isaanii irraa haleellaa biyya alaa
ittisuu yommuu jennu, fedhiin lammilee akka nama dhuunfaa tokkootti
balaa irraa of-baraaruun dhimmoota biyyoolessaa irrattis ni mudata
jechuu keenya malee, namoota jaalala biyyaaf du'an jechuu keenya miti.
Sababni isaas, jaalala biyyaatiif du'uun fedhii jiraachuu kallatii caalaa
eenyummaa fi kabaja garee wajjiin kan wal-qabatu dha. Sadarkaa nama
dhuunfaa tokkoottis. Haa ta'uu sadarkaa hawaasaatti fedhii jiraachuu
guutuuf; jechuunis, waraanaan, ajjeechaa fi kkf balaa jiraachuu
lammiilee irratti aggaamamu ittisuuf biyyoonni dhaabbilee kanneen
akka poolisii, raayyaa ittisaa, nageenyaa fi kkf hundeessu. Lammiileenis
otoo meeshaalee waraanaa hidhatanii ba'uun isaan hin barbaachisne,
balaa biyya keessaas ta'ee biyyoota alaa irraa isaan irra qa'uu danda'u
irraa karaa dhaabbilee kanaatiin eegamu. Mootummaanis haleellaa
lammiilee irra qaqqabuu danda'u ittisuun fedhii jiraachuu isaanii guuta
jechuu dha.
Gama biraatiin, fedhiin jiraachuu dhala namaa balaa ifaa fi dhiyootti
mul'atu irraa ittisuu qofa otoo hin taane, balaa karaa al-kallattiitiin isaan
mudachuu danda'u irraayis eeguu dabalata. Fedhii al-kallattii kana fedhii
qaamaa yookiin foonii, fedhii maqaa gaarii horachuu (fedhii ulfinaa) fi
fedhii bilisummaa jechuun kutaalee sadiitti qoodnee ilaaluu ni
dandeenya.
"Fedhiiwwan qaamaa" yookiin "fedhiwwan foonii" fedhiiwwan
bineensota faana qooddannu yoo ta' an, kanneen akka soorachuu,
dhuguu, qulqullaa'uu yookiin bobba'uu, bultii horachuu, bakka
jireenyaa tolfachuu, dhibee irraa eegamuu fi kkf kan ibsamu dha.
Biyyoonni fedhiiwwan kanaaf deebii kan kennan karaa dhaabbilee
eegumsa diinagdee fi hawaasummaa isaaniitiini. Qonnaa fi wabii
nyaataa, fayyaa, barumsa, bishaanii fi sagantaaleen kana faffakkaatan
kan diriirfaman, fedhiiwwan qaamaa lammileetiif deebii kennuuf
jedhamaniiti. Hanqinni guutamuu fedhiiwwan kanaa lammiilee irraan
dararama ol-aanaa fi gaaga'ama guddaa geessisuurra darbuun, du'aaf
kan isaan saaxilu dha. Fedhiin qaamaa yookiin foonii guutamuu dhabuu
isaa irraan kan ka'e nageenyi diinagdee fi hawaasummaa lammiilee
balaarra waan bu'uuf, haalli namoonni beelaan, dhibeen, rakkoolee
nam-tolchee fi uumamaa garaa garaatiin harca'an ni uumama. Kunis
karaa al-kallattii ta'een jiraachuu namootaa balaarra buusa.
"Fedhii maqaa gaarii yookiin ulfina horachuu" kan jennu namoonni
maqaan isaanii waan gaariitiin akka kaafamu fedhii isaan mul'isan
jechuudha; fedhii ulfina barbaaduu fi gatii ofiif kennuuti. Fedhiin kun
baay'ee wal-xaxaa fi fedhiiwwan biroo faana walitti hidhannoo cimaa
qabaachuu isaa irraa kan ka'e yeroo baay'ee ifatti adda baafamee kan
deebiin kennamuuf miti. Dhalli namaa uumama hunda keessaa
uumama seenaa qabu ta'uun isaa ifa dha. Uumama keessaas fedhii
seenaa hojjechuu kan qabu dhala namaa qofa dha. Kanaafuu,
hojiiwwaan hojjetu hunda keesaatti "maqaan isaa akka yaadatamu"
ni barbaada. Wayita lubbuun jiru, ofii isaatii mormatee fi dubbatee
eenyummaa ofii kabachiifata. Erga addunyaa kana irraa du'aan
boqotee booda garuu kana raawwachuu hin danda'u. Hojiiwwan
isaatu bakka isaa bu'ee isaaf dubbata. Duraanuu maqaasaa waan
gaariin kaasisuu kan barbaadeef du'a isaa booda maqaan isaa waan
gaariin akka yaadatamuu fi dha. Bakka inni hin jirretti akka isaaf
mormuu fi dha. "Duuti hin oolu, maqaan hin awwaalamu"
mammaaksi jedhu kun fedhii keenya isa kana kan agarsiisu dha.
Fedhiin maqaa gaarii horachuu, fedhii of birattis haa ta'uu namoota
kaan biratti iddoo gaarii qabaachuu fi kabajamuuti. Dhalli namaa gatiin
inni ofiif kennu gatii fi kabaja namoonni biroo kennaniif irratti kan
bu'uureffamu ta'uyyuu, tilmaamni namoonni biraa kennaniif kun karaan
isaan ittiin hiikanis, haalaan murteessaa dha.
Kunis sadarkaa nama dhuunfaa tokkoo fi hawaasaatti waan mul'atu dha.
Namni tokko gatiin yookiin bakki inni ofiif kennu ilaalcha hiriyoonnii fi
ollaan isaa isaaf qaban irraa kan maddu ta'uyyuu, namni kun haalli inni
ittiin of ilaalu haala inni itti namoota biraa ilaalu irratti murtaa'a.
Sadarkaa hawaasaattis, hawaasni tokko gatiin inni ofiif kennu gatii
yookiin bakka hawaasni biroo isaaf kennuu fi akkataa hawaasichi itti