text
stringlengths
0
196k
Rasaasa hamaa addunyaan Sagaleesaa hin dhageenye
Inni gidduudhaa dhibnaan Kan hundi galma hin geenye...
Oolmaaf bultii keenyatti Inni simboo rarraasu
Warra waliin kufani Kan qabee lafaa kaasu...
Kan namni ittiin bitamu Maallaqa bakka bu'ee
Utuu ragaa ba'anii Warri jaalalaaf du'e...
Kan didaa bishaan godhee Harkasaa kennachiisu
Kan bineensa madaksee Nu waliin jiraachisu...
Kan durba ittiin sobanii Godhan dubartii caaltuu
Icciitii duuba jiru Jaalala maaf wallaaltu?
Waan ati hin goone hin jiru Goote waan hin yaadamne
Kan akkakee jaalalaa Hanga yoonaa hin argamne.
Qe'ee jaalalli hin jirre Dubartiin mana hin teessu
Dhiirri gandarra joora Ijoolleen siin dhageessu.
Mana jaalalli hin jirre Hundatu seenee diigaa
Dhoqqeen cidii hin qabatu Gargar baba'uuf fiiga...
Warra jaalalaaf du'e Biyyeen nyaate haa lakkaa'u
Utubaan mana keenyaa Jaalalaan haa hundaa'u!
28. Walii Galtee
Tokko yeroo waamu Tokko dhaggeeffatee
Tokko yoo dubbatu Tokko qalbeeffatee
Tokko yeroo iyyu Tokko kolfuu dhiisee
Tokko yeroo ka'u Tokko gadi ciisee...
Abbaan dinnicha binnaan, Ijoolleen dhaddee bittee
Irbaata mucaaf taa'e Sareen bantee yoo fixxe...
Tokko hojiif onnatee Tokko yeroo rincicu
Tokko meeqa uffatee Tokko baasee yoo miicu
Kaan gabaa ba'uuf deema Waan gurguru fe'atee
Kaan immoo galuuf deema Ko'umasaa ariifatee...
Eessaan bitee daldala? Waliinoo ba'ee hin gallee
Gargar deemuun hin taane Warra tokkoof hin malle.
Mana boo'ichaa deemtee Geerarsa dhaggeeffatta
Reeffi utuu mana ciisuu Gammachuu dabarfatta.
Manuma tokko keessaa Qophii sagal qopheessu
Warri afaan tokko beekan, Afaan sadii odeessu...
Niitiin abbaa warraatiif Tole jettee hin owwaattu
Abbaan warraas niitiidhaaf, Waan isheen feete hin laatu.
Tokko hordee yoo dhaabu Tokko jigsee facaasaa
Tokko kununsuuf joora Tokko diigee mancaasa...
Asumaa achi ilaaltee Ni beekta qe'ee tokkummaa
Qunceen arba kuffisti Waan jedhan sun dhuguma.
Gaara hin jirre hin yaabiinaa Nagaan Jaalala dhaltee
Qabeenya yoo dhabdeyyuu, Hin dhabiin Walii galtee!
29. Naan Se'iin of Jaallataa
Jireenyan keessa jiru Utuu ilaaltuu-argituu
Yaaddoon waliin jiraadhu Lafa dhiitee-bariitu...
Gurmuukootti rakkina Garaakootti xiiqa'ee
Onneen dhiirummaakootii, Na bokokee iita'ee...
Ilkaanumakoo argitee Naan se'iin of jaallataa
Namni ibidda qixxee Abdii qabuun jiraata.
Jiruukee buta jedheen Hin dandeenye siif butuu
Mana abdiin keessaa ba'e Qabeenyi kamuu hin guutu.
Ofiikootti murteesseen, Fudhee dirqama meeqa
Maal keessa akkan jiraadhu Ana qofaatu beeka.
Achumaa as ilaaltee Hin se'iin of jaallataa
Namni kaayyoof jiraatu Utuu rafuu birrata.
Gaafan dubbiikee mara Dhiise moggaatti dhiibee
Ibidda ati qabsiifte Haa bulu jedhee dibe...
Sittuu fakkaadheen jira Diinakee isa maraatuu
Waanuma waaqni jedhe Bishaanuu waraabbatu.
30. Olaantummaa Qawwee
Olaantummaan uummataa Dhiibamee qarqaratti
Biyyi kaadhimaa badii Afaaan qawween dhaadatti.
Taankiif jettii kadhatee Kan lolatti bobbaasu
Kan nagaa lafa kaa'ee Sibiila lafaa kaasu...
Saba gaaffii mirgasaa Gaafatee deebii dhabe
Mirgi namummaa keetii Erga karaarraa dabee...
Erga garaan namummaa Daandii gubbaarra jooree
Namni aangoon qaba jedhee Uummata bal'aa lole...
Jireenya nutti himaa Kiyyoo du'aa awwaalu
Ilmi gudeedaa garuu Kaayyoo abbaasaa hin wallaalu.
Warri addunyaa kanarraa Waan hundaan kabajame
Warra qawwee hidhatee Tokkoomee ijaarame.
31. Maal ta'inna Laata?
Kaleessi dheeratee Har'is deemuu didee
Nuun barre- nuun beekne Warra yeroon fide.
Waaqni inni kaleessa Nu oolche manatti
Har'as isa qabna Nuun gatu lagatti.
Bowwaa keessa ciisee Cirracha lakkaa'aa
Waaqni hin fudhanne Qabeenyaaf mattaa'aa...
Gaara gubbaa ba'ee Fuulleetti isa ilaalaa
Utuun gadi hin taa'iin Asiif achi utaalaa...
Dukkanattis galee Ifas arguun hafee
Utuu naan qabatiin Kabajakeef rafee...
Galgalli yoo dhufu Manatti ol deebinee
Barii lafaas eegnee Fakkaannaan gad baanee...
Kabaja uumaadhaaf, Eegnee hunda Safuu
Dhihus ni bari'a Akkasitti hin hafu.
Har'a nuun wal waaduu Taaneef jirra nyaata
Guyyaan borii kun Maal ta'inna Laata?
32. Biiftuu
Kan mullatuuf baate Dhokataa hin ilaaltu
Tulluu asiin malee Tulluu achi hin argitu
Duumessi yoo dhufu Bakkakee dagattee
Dukkana cillimaa Roobaatti nu gatte