text
stringlengths
0
196k
Ulaa cabsaniit bahu har'ammoo maal gootaa!
Naannessoon barnootaa, alaa manni hawaasaa,
Barsiisaa kutaa jiruu namni meerre keessa!?
WAAMICHA JIREENYAA
Waamichi jireenyaa kinooti na ga'ee,
Of ta'uu dadhabeen kinoo nama ta'ee
WAA CABU MALEE…
Ni du'a hin jedhinaa sun an'qofaa mitii
Goota meeqaatam duuti afaan hiitii!
Mee garuu,
Du'a ajjeesudhaa, odoo labsiin baanee,
Ajjeesnee du'uudhaa, tokko jennee kaanee,
Silaa oggaakkanaa har'a du'a moonee!
Wantumti nu miidhe,du'a nurra’t goobse,
Warra du'a bule warra du'a dheesse,
Odoo hundi keenyaa,erga takkaa kaanee,
Waliif walirratti bu'ii du'aa buunee,
Silaa du'a moonee
Har'a mirgaan baanee!
Nu'itu erga takkaa waliif du'uu dhiisee,
Dabaree dabareen halbee du'aaf ciisee.
Ishiinis san beektii,takka takkaan filtee,
Goota goota nyaatti lugna lugnaa hiltee.
Silaammaa odoo erga takkaa duunee,
Du'a mataa ishii achas finnee hiinee!
Du'ii du'a moo'ii namuu ni sodaatuu,
Odoo hin du'in ammoo akkamiin moo'atuu!
Mariin Gurmuu Tumsa Qeerroo Bilisummaan Qindaa’e Milkiin Xumurame!
Sochii qeerroo bilisummaa tumsuu fi humneessuu akeekkatee kan ijaarame Gurmuun Tumsa Qeerroo Bilisummaa (GTQB) Bitootessa 17/2013 hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne jiraatan waliin marii bal’aa fi ijaaraa gaggeeffachuun milkiin xumurateera. Mariin kun itti fufiinsa marii waxabajjii 30/2012 gaggeeffamee turee ta’uu kan yaadachiise GTQB mata duree adda addaa irratti ibsaa fi attamiin Qeerroo Bilisummaa Tumsuun danda’amaa irratti mariisiseera.
Sagantaan kun akkuma aadaa Oromootti eebba Manguddootaan kan eegale yoroo ta’u itti aansuun Ob. Gammachuu Fayyeeraa, Qindeessaan GTQB akeekaa fi attamiin GTQB akka ijaarame ibsuun akeeka eebbifamaa kana bakkaan gahuuf
hawaasni Oromoo yaadaa fi mala qabu hunda otoo hin qusanne akka gumaachu dhaammatee tartiiba sagantaa kaahameen mariin kun kan gaggeeffamu ta’uu ibsun waltajjii mariif bane.
Itti aansee haala qabatamaan yeroo ammaa Qeerroon biyyaa itti jiru bililaan bakka bu’aa Qeerroo biyya keessaa irraa dhageeffatameera. Ibsa isaa kana keessatti, yakka Ummata Oromoo fi Oromiyaa irratti dalagamaa jiru kan hubatan dargaggoonnii fi shamarran Oromoo ummata keenyaa fi biyya keenya dhabama irraa baraaruuf jecha of ijaaranii diddaa wal irraa hin citne gaggeessaa jirra jedhee, dabaluunis diddaan gaggeeffamaa jiru ummata Oromoo bal’aa akka hammatuuf hojii bal’aa fi ulfaataan hojjatamaa jiraachuu ibsee, qonnaan bultoonni keenya lafa isaanii irraa humnaan hin buqqaanu jedhanii akka falmatan dadammaqiinsa kennameen yeroo ammaa kana lafa keenya irraa hin kaanu jedhanii mirga isaanf falmachuun egalamuu, Oromoota miseensota OPDO ta’aniif dadammaqiinsa fi barnoota kennameen qabsaa’otaaf dahannoo ta’uu eegalaniiru, hayyoonni fi manguddoonni Oromoos Qeerroo cinaa jabinaan dhaabbachaa akka jiran adeesseera.
Diinni Ummata Oromoos yakka dalagaa jiru yeroo kamuu caalaa jabeessee itti fufaa akka jiru kan hubachise bakka bu’aan Qeerroo biyya keessaa, balaa itti aggaammate kana irraa baraaruuf qabsoo bal’aa fi ulfaataa wareegama gurgurdaa kaffalchiisaa turee fi jiru galmaan gahuuf dargaggoonni fi Shamarran Oromoo Qeerroo Bilisummaa jalatti ijaaramanii dirqama lammummaa bahachaa jirra. Xumara irrattis ijaaramuu tumsa kanaaf galata galchuun bakka jiraattanii fi addunyaa mara irratti harka wal qabattanii tokkummaan dhageettii qabsaa’ota Oromoof horuun abdii akka taatan maqaa Qeerroo Oromoon jabeesseen dhaammadha jechuun dhaamsa ulfaataa hawaasa Oromoo biyya alaa jiraatuuf dhaammateera.
Ob. Mahaammad Abdullaahii odeessa qabatamaa Oromiyaa dhaqanii arganii fi hubatan hirmaattota marii kanaaf yommuu ibsan fuula isaanii irraa gadda guddaa fi ija isaanii irraa imimaantu yaa’a ture. Dabaa fi yakka diinni irratti raawwatuun “Ummanni Oromoon du’aa fi jireenya jidduutti argama” kan jedhan Ob. Mahaammad, “namoonni tokko tokko gamoo gurgurdaa fi Cululuqaa ilmaan Habashaa Finfinnee keessatti ijaaran qofa ilaalanii biyyi guddate yommuu nuun jedhan Abbaa biyyichaa kan ta’e Ummanni Oromoo ammoo gamoo sana jala waardiyyaa ta’ee itti tufamaa ergamuuf akka dirqame arguu
dhabuun ykn arganii dubbachuu dhiisuun yakka” jedhan. Kanaaf jedhan abdii Ummanni keenya qabu, “guyyaa tokko kana keessaa ni baana yaada jedhu” lubbuu itti horree humneessuun akka baay’inaa fi gootummaa isaatti Oromoon diina isaa ofirraa darbachuu ni danda’a” jedhan.
Maqaa Amantii Musiliimaan sochii taasfamaa jirtu ilaalchisee Ob. Mahaammad dhaamsa dhaammataniin “Ummanni waanta sana gaggeessan Oromoo miti. Gaafiin isaanii kan haqaa ti, ammoo Musiliimota Oromoon waanta hin qindoofneef meeshaa ta’uufii hin qabnun jedha. Jijjiirama barbaannu kamuu nutu ofiif hojjatachuu qaba. Hormi tasumaa ulee nu godhachuu hin qabu” Jedhaniiru.
Dura teessuun waldaa dubartoota Oromoo Kaayyoo aaddee Sa’aadaa Ammee waldaa isaanii bakka bu’uun haasaa taasisaniin “Erga Oromoo gabrummaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti hiraamaannaan dubartootaa takkaa of duuba hin jenne, hin jedhus. Har’as ta’ee fuulduraas hanga Oromoon fedhii isaa kan bilisummaa ga’uutti nuti dubartoonni akkuma Koree Hojiin gaggeessituu waldaa Hawaasa Oromoo Australia bakka bu’uun dhaamsa waldichaa waltajii kana irratti kan dabarsan Ob. Yaadataa Sabaa (Jaatam) waldaan hawaasa Oromoon Australia Sochii Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiruuf tumsa barbaachisu kamuu kan taasisan ta’u ibsuun jabaadha jedhan.
kaleessaa Qeerroo bilisummaa qabeenyaanis ta’ee hanga miseensummaa fi qaamaan hirmaachuutti akka of duuba hin deebine Oromoo hundaaf beeksisuu barbaanna.” Jechuun tumsa qeerroo bilisummaaf qaban haamlee guutuun ibsaniiru.
Itti aansuun ummata marii kana irratti hirmaate hunda akka hirmaachisutti qabxiilee marii akka hayyuu Oromoo tokkootti kan dhiyeessan Ob. Aliyyii Galatoo ti. Ob. Aliyyiin mirgoota dhalli namaa qabaachuu qabuu fi mirgoota kana yeroo sarbamu maal akka gochuu qabu, sochii bilisummaa gaggeeffamus uummatni sun gabrummaa jala jiraachuun dhugaa ta’uu beekuu, gabrummaa kana jalaa bahuuf Ummatichi ilaalcha walfakkaatu qabaachuu fi fedhii ummataa kana kan qindeessee qajeelchu jaarmayaa qabaachuu akka qabu yaadchiisuun, sochii kana keessatti hawaasni Oromoo biyya alaa jirru yoo maal goone QBO tumsuu akka dandeenyu ibsan. Ibsa qormaata irratti hundaa’e bal’inaan erga ibsanii booda gaafilee mariif ta’an dhiyaassuun ibsa isaanii xumuran.
Gaaffiilee dhiyaatan kana Ob. Aliyyii fi Ob. Mahaammad Abdullaahii akka mariisisan gara waltajjiitti deebisuun marii baldhaan gaggeeffameera. Gaafilee turan keessa namni waan gochuu qabu maaliif gochuu dhaba? Maal barbaanna? Maaliif barbaanna?, Waan barbaannu kana argachuu dandeenya jennee maaliif amanna? Waanta barbaannu kana argachuuf ani akka nama tokkootti maalan gumaacha?, Yoom? kanneen jedhan irratti mariin bal’aan gaggeeffameera.
Obbo Moosisaa Futtaasaa mariin gaggeeffame hedduu bareedaa akka ta’e, miidhaa Ummataa fi biyya keenya irra gahaa jiru fi diinni keenya halkanii fi guyyaa nurratti hojjataa jiru yommuu wal bira qabnee ilaallu ammayyuu tattaaffiin keenya kana caaluu akka qabu, kanaafis waan har’a nan gumaacha jennee dubbanne hojiin mul’isuu eegaluun barbaachisaa ta’uu yaadachiisuun gorsa manguddummaa kennaniiru. Dabaluunis humni keenya guddaan tokkummaa keenya waanta ta’eef Ummanni Oromoo tokkummaaf dursa akka kennu dhaammatanii waltajjicha eebbaan cufaniiru.
Gatii Jaalalli Baasu
1. Hin Quufnu-Hin beelofnu
Kaanee nyaanne jennee Maqaa beelaa dhiisnuu?
Moo kattaa walakkaa Ho'ifannee ciifnu?
"Beelofne" yoo jenne Eenyu nu dhaga'a?
Utuu kaanee himannees Himanni eessa ga'a?
Moo "hin quufnu,hin beelofnu" Jennee kaanee himannu
Eenyutti himachuuf, Eenyuun haa ammannu?
Beelaaf beela miti Quufas hin fakkaatu
Inni dhugaa qaba Kan lachuu himatu.
2. Lukkuu
Gaafan dura arge Yeroosheen iyyitu
Koochoo rurukkuttee "Bari'eera" jettu
Kan namni hin dhageenye Yoo sheen barii himtu...
Ganama utuun rafuu Hirribarraa kaatee
Warra ishee dhaga'u Hunda dammaksitee
Ofii utaaltee buutee Kosii keessa fiigdu
Yeroosheen ajaa'aa Miillaan qottee diigdu
Tortoraa funaantee Hunda waliin dhooftu
Ajaa'aa erga nyaattee Maaliif hin ajooftu?
Akkamis iyyitu Akkamis agartu
Dhumti lukkuu manaa Aalbeerra hin dabartu.
3. Gogorrii
Lukkuu natti fakkaatta Iyyitee yoo kaakkistu
Joobiras ni fakkaatta Kaatee yeroo barristu...
Namatti hin dhiyaattu Ni baqatta hin madaqxu
Yoo qorres, yoo dhaamotes Mana barbaacha hin dhaqxu
Daggalakee ho'ifattee Gammachuudhaan jiraatta
Waan waaqni nyaadhu jedhe Hin dhabdu inuma nyaatta.
Abbaan arge akka lukkuu Billaadhaan si ari'uu
Anuu siifan gammada Yoo lafti kun bari'u.
4. Bineensummaa
Laguma waan jiraateef Bineensa akkamiin jenna?
Kan mana jiraatummoo Ulaagaa kamiin beekna?
Akkamittiin namummaa Keenya mirkaneessina?
Maaliin bineensa, nama Jennee ittiin odeessina?
Kan nama ittiin jedhame Yuusee erga nu nyaatee
Gara laafummaan dhibee Erga garaa jabaatee
Dhiiga keenya danfisee Utuu jigsee lolaasuu
Korma nu qabna jennu Kuffisee utuu kolaasuu
Akkamiin "nama" jenna Jechuuf nutti hin ulfaatuu?
Isa nama jedhamaa Foon ilma namaa nyaatu
Sababa nama jennuuf Irraan dhabe barbaadee
Bineensa, nama miti Gochasaa gaafan yaade.
5. Joobira
Akka allaattiiwwan kaanii Naannoo raqaa hin marsitu