Kutaa tokkoffaa- seeensa waa’ee kompitara fi waa’ee fooddawwanii Mat-duree 1: seensa komputeraa 1.1 komputara jechuun maal jeechuudha? Komputara jechuun meeshaa eleektroonicii tahe, hojilee adda addaa kan mosaajiidhaan ajjajamuudhaan, kuusaaa mataasaarrattii kufaachuu kan danda’u, deetaa allarraa kan fuudhatuu fi deetaa miidhuu ykn adeemsuu fi odeffanuu gara alaatti baasuu akkataa adeemsarratti hudhanidha. Walumaagalatti:- kompitara jechuun jecha walitti qabiinsa meshaalee fi faayidaa isa sinana ibsuudha. Daataa jechuun odeeffaannoo hin xumuraamnee jchuudha. Daataan bakka bu’insa waanta dhugaa tahee tokkoti. Kunis bifa footodhaan. Mallattodhaan kan kawwamuudha. Odeeffannoo jechuun daataan gara himaa guutuutti jijjirameechudha. Odeeffannoo jechuun adeemsa daaataan gara ibsa gaha ykn odeeffannoo guutuu kennu odeeffannoo jedhama. 1.2 Fayyadamaa Koomputeraa Kaayyyoo kutaa kana Dhuma kutaa kanarratti baraattonni kan beekuu dandaa’an: waa’ee fayyadamaa kompitara beekuu. Maaliif computeratti fayyadamna? Kannen armaan gadii keessa muraasni fayyida , gahuumsaa fi daandeetti mul’isaan keessan sababoonni gurguddoo kan ta’aniif: Odeeffannoo kuusuu fi odeeffannoo baay’ee yeroo gabaaba saffisa guddaan fi dhugummaa odeeffannoo sana kan mirkaneessudha. Qabiyyee odeeffannoo meeshaalee sabqunnamtiitti fayyadamuun taatee isaanii ni mul’isa Herrega baay’ee ulfaataa fi wal-xaxaa ta’e hojjeechuu fi wal-madaalsisuuf, industirii keessatti adeemsaa isaaa to’achuu fi beekuu Irra deddeebbi’anii hojii tokko haala salphaan hojjeechuu, saffisa olaanaan fi adbdaachiisaadha Haala hojii salphisuu and herrega wal-xaaxa taa’ee hojjechuu Lakkoofsoota tattoodhaan(gaabatee) mul’isuu dh Qoraannoo ittiin gaggeessu Muuziqaa ittiin dhaggeeffachuu Rakkoolee ittin barbaaduu fi furmaata keennu Jijjiramaa qilleensa itti beekuu haal qiilleensa gara fulduraa xilmaamuun mul’isuu Fakkii ittin kaasuu fi fiilmii ittin dawwachu. Kanaafuu, koompiterri hojii kamiyyuu hojjechuuf mijaawaa, dalagaa dalaguu fi adeemsisuu daandeetti kanneen qabaachuu barbaada. Fayyadaama koomputeraa keessa isaan gurguddoon akka armaan gadiitti qoodamu: a) Fayyadama kan daldalaa Fayyidaan koomputeraa daldalla keessatti kennuu keessa barreessaa/tuuf, hoggansaa, meeshaa haraa hojjechuu, bittaa fi gurgurtaa kan daldaalaa gaggeessudha.. Fakkenyoota: Barruu itti barreessuu fi adeemsa isaa xiinxala Eenyummeessa yookiin herrega fi Accounting and maallaqa to’achuu Qabeenya hogganuu fi sirnaan itti fayyadamuu Kuusaa daataa fi odeeffannoo hoogganuu Adeemsa fi bu’aa lakkoofsootaa xiinxaluStatistical analysis b) Fayyadama saayinsaawaa, maandisa and qorannoo 1 Bahir Dar University, Institute of Technology , school of computing and [2004 E.C] Electrical Engineering Grade 7 and 8 Basic computer skills training Module Komputeraatti fayyaadamuun qoraannoo saayinsaawaa fi herrega walxaxaa hojjechuu, dalagaa ittin qajeelchuu fi xiinxaluu. Akkasumas, qaama sirnawaa to’aachuudha. Fakkeenyoota: Qorannoo haawaaf teeknoloojii Sinaa jijjiraama qilleensa yookiin atoomoosfeerii ilaaluu Urjii irratti qoranoo gaggeessu Meeshaalee ittin qajeelchuu fi adeemsa oomisha isaa to’achu Sinaa nuukileeraa to’achu 1.3 Goosota koompiteraa: Kaayyoo Kutaa kana: Dhumaa kutaa kana irraa barattooni waan hubaachu danda’an keessa:- Ulaagaalee goosota koompiteroota barbaachisoo ta’an addaan baafatu Goosota koompiteraa fi garaagarummaa isaanii gidduu jiru ni ibsu Gaaffii Marii:- meeshaan eleectroniiksii kamiyyuu koompitera jedhama? Amallota koompiteraa irratti hundaa’uun goosota koompiteraa hiiki Fayyadam koompitera daata isaan Adeemsisaan Fayyadam koompitera daata isaan Adeemsisaan koompitera akka armaan gadiitti qoodamu:- Walfaantii(Anaaloogii) Walfaantiin adeemsa hojii amala qaama tokkoo safarudha. Isaanis jijjiramaa fufaa waliin irratti hunda’u. walfaantiin kallattiidhaan lakkoofsota hin dalagu. Haa ta’u malee, kan dalagu hanga qaamaa safartu kanneen akka dhiibbaa, hamma ho’insa fi qoorrinsa, qabeenta fi annisa eleektiriikaa fkk. Fakkeenyota: Teermoomeetirii, Voolitmeetirii, ispiidomeetiri Eleectirooniksii(Diijitaalii) Eleectirooniksii koompiteraa jijjiramaa dhaabbata irratti hundaa’un fi dalagaa hanga qaama tokkoo lakkoofsan hojjeta. Kuns kallattimaan lakkoofsota fudhachuu fi kanneen akka lakkoofsota, qubeewwan akkasumas mallattoolee gadda addaa bakka buusa eleektirooniksi koompiteeriin jeechun. Fakkeenyota: Koompitera Abakaas, Deeskitooppii & Diijital herregduu, tajaajila koompitera waligalaa fa’adha. Koopitera Makaa Koompiteera Makaan(mixiture) amaloota walfaantii fi eleektorooniksii haala gaariin of keessa kan jechuudha. Yeroo baay’ee naqa daataa jijjiiramaa fufaa fayyadama. Eega, adeemsi diijitaala amanamummaan isaa dabalaa fiadeemsi dalagaa isaas diigitaaliin raawwata. Adeemsi odeeffannoon kan bu’aa(bahaa) isaa immoo tarii kan eleektirooniksii yookiin walfaantii ta’u danda’a. Ta’ullee, filanno faayyadamtoota fi goosota fayyadamaa irratti hunda’a. Fakkeenyota: kaameeraa eleecktrooniksii, meesha fayyaa to’atu mana yaala keessatti. Koompitera hamaamtaa, dandeetti fi Gati irratti Hundaa’uun Qoodu Hamaamtaa fi daandeettin amaloota koompiteera irratti fayyadamuun koompiteera qoodu ni danda’ama. Amalota koomputeera irratti hundaa’uun akka armaan gadiiti ni qoodamu. Isaanis:- Koompiteera Olaanaa(super computer)